1 kaayyoo jireenyi tuni fi ilmi namaa itti uumamaniif...rabbii olta’aadha. rabbiin subhaanahu wa...

66
| 1 Qophii : Jibril Abdalla Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif

Upload: others

Post on 25-Oct-2020

55 views

Category:

Documents


14 download

TRANSCRIPT

Page 1: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 1

Qophii : Jibril Abdalla

Kaayyoo

Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa

itti Uumamaniif

Page 2: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 2

Qabiyyee Jireenyi Maaliif Uumamtee? .............................................................. 3

Hiika Qormaataa ............................................................................... 7

Qormaata fedhii (Ibtilaa’ul iraadati) ........................................... 8

Balaa fi Qananiin nama tuqu wanta sadii sadii keessaa hin bahu .... 8

Wantoota ittiin qoramanii fi Qormaata keessatti wanta

barbaadamu ..................................................................................... 12

Qur’aana irraa keeyyattoota (Aayaataa) waa’ee Qormaataa fi

wanta nama Qoramu irraa barbaadamu Agarsiisan-Kutaa 1

........................................................................................................... 15

Qur’aana irraa keeyyattoota (Aayaataa) waa’ee Qormaataa fi wanta nama Qoramu irraa barbaadamu agarsiisan-kutaa 2 20

Qur’aana irraa keeyyattoota (Aayaataa) waa’ee Qormaataa fi

wanta nama Qoramu irraa barbaadamu Agarsiisan-kutaa 3

........................................................................................................... 27

Qur’aana irraa keeyyattoota (Aayaataa) waa’ee Qormaataa fi

wanta nama Qoramu irraa barbaadamu Agarsiisan-kutaa 4 ........................................................................................................... 34

Jireenyi Maaliif Uumamtee?-Guduunfaa ....................................... 41

Namni Maaliif Uumamee? ................................................................ 52

Ikhlaasa ................................................................................................ 60

Page 3: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 3

Jireenyi Maaliif Uumamtee? Bismillahi Rahmaani rahiim

د ٱ﴿ مح لح يٱلله هدىناله نحلأ تديلوح نهالهح هٱهدىنالهذاوماك لله ل ر س جاءتح لقدح

ٱرب ناب ق ﴾لح

“Faaruun hundi Kan Rabbii kanatti nu qajeelcheti. Osoo Rabbiin nu

qajeelchu baatee silaa nuti gonkumaa hin qajeellu turre. Ergamtoonni

Gooftaa keenyaa dhugaadhaan dhufanii jiru.” Suuratu Al-A’araaf 7:43

Jechoota Ijoo-Jazaa jechuun nama waan gaarii hojjateef mindaa isaaf kennuu

ykn nama waan badaa hojjate adabbii isaaf malu adabuudha.

Gaafiwwan gurguddaan mataa namaa keessa naanna’anii fi namni hundii

deebii argachuuf tattaafatu sadii akka ta’an barruu “Isin keessa mallattotu jira-

kutaa 2” jedhu keessatti ilaalle turre. Yaadachisaaf gaafiwwan sunniin kanniin

turan:

1ffaa-Ani duraan dachii tanarra hin turre. Kanaafu, eenyutu dhabamarraa na

argamsiisee ykn na uumee?

2ffaa- Kaayyoon itti uumameef maalii? (Maaliif uumamee?)

3ffaa- Erga du’ee gahuumsi kiyya eessaa?

Dhugumatti gaafileen kunniin gaafilee bu’uura jireenyaa fi milkaa’innaatti.

Namni gaafilee kanniin deebii sirrii fi gahaa yoo argate, jireenya keessatti

tasgabbiin jiraata. Sababni isaas, eessarraa ka’ee garam deemaa akka jiru sirritti

ni hubata. Kaayyoo fi ergamni yeroo muraasaaf addunyaa tana keessa turuu maal

akka ta’e yoo beeke jireenya keessatti hin dhama’u. Aslimaa (hundemaa) namni

dhama’u nama kaayyoo hin qabnee fi eessa deemaa akka jiru nama hin

beeknedha. Gaafileen armaan oli sadan keessaa gaafi tokkoffaa deebisuuf ji’oota

darban mata-dureewwan “Isin keessa mallattoo jiraa” fi “Uumama namaatti

xinxalluu1” jedhan jalatti ilaalle turre. Dabalataan, mata-duree “Rabbitti amane”

1 Barruulee kanniin haala kitaabatin argachuuf linki kana tuqaa:

https://sammubani.files.wordpress.com/2019/04/isin-keessa-mallato-jira-2.pdf yookin https://www.sammubani.com/kitaabban/ Ergasii kitaaba “Isin keessa mallattoo jira…” kan jedhu buusaa

Page 4: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 4

jedhu jalattis wanta yaqiina (mirkaneefannaa) keenya dabalu ilaalle jirra.

Kanaafu, Alhamdulillah gaafi tokkoffaaf deebii gaha arganne jirraa jechuudha.

Amma itti aansinee gaafi lammaffaaf deebii gahaa fi quubsaa gargaarsa

Mawlaatiin argachuuf carraaqna. “Kaayyoon ani itti uumameef maalii?” jette of

gaafatte beektaa? Jireenya tana keessatti qormaanni adda addaa maaliif nama

muudataa? Namoonni gariin rakkoo dhandhamu, gariin immoo qananii keessa

daaku. Gariin ni gubatu, gariin ni gammadu. Iccitiin kana duuba jiru maaliidha

jechuun of gaafatte beektaa? In sha Allaah gaafiwwan kanniin hundaaf deebii

gahaa argachuuf ni carraaqna. Kaayyoo namni itti uumameef beekun dura

kaayyoo jireenyi addunyaa tanaa itti uumamteef beekun nurra jira.

Deebii kana argachuuf maal gochuu qabnaa? Eenyuun gaafachuu qabnaa? Mana

addaa garmalee bareedu tokko yoo arginee fi kaayyoo itti ijaarrameef beeku yoo

barbaanne, eenyun gaafannaa? Takkaa abbaa mana kana ijaare takka immoo

namoota abbaa manaa kanatti dhiyoo ta’an gaafannaa mitii ree? Abbaa manaa

ykn nama isatti dhiyoo ta’e dhiisnee nama alagaa (badhee) waa’ee mana kanaa

sirritti hin beekne yoo gaafanne, kaayyoo manni kuni itti ijaarrameef nutti himuu

danda’aa? Tarii alaa ilaalun kuni keessa jiraachuuf ykn daldalaaf jechuu

danda’a. Garuu dhugaan odeefannoo guutuu kan nu kennu danda’u abbaa mana

kana ijaaredha.

Jireenya tanas yommuu ilaallu kan ishii uumee fi ijaaretu jira. Samii fi dachii,

wantoota isaan keessa jiran hundaa Kan uumee, ijaaree fi tartiiba qabsiise

Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin

hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi tuni maaliif akka

uumamte deebii gahaa fi quubsa argachuu kan dandeenyu Rabbiin irraayyi.

Sababni isaas, Rabbiin jireenya tana kan uumee fi kaayyoo itti uumeef Kan

beekudha. Dubbiin erga akkana ta’ee, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa

kaayyoo jireenya tana itti uumeef akkana jechuun dubbata:

﴿ يٱتبرك له لحك ٱبيده حم قدير ل ء شح ك عل و يٱ١وه له حموحتٱخلق ل

يوةٱو ولح وه عملا سن ححأ مح يك

أ مح ور ٱلحعزيز ٱلبحل وك ﴾٢لحغف

Page 5: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 5

“[Rabbii] Mootummaan waan hundaa harka Isaa jiru tolli Isaa baay’ate.

Inni waan hundaa irratti Danda’aadha. [Rabbiin] eenyu keessantu irra

gaarii akka hojjatu isin qoruuf Kan du’aa fi jireenya uumedha. Inni

Injifataa, Araaramaadha.” Suuratu Al-Mulk 67:1-2

Mulk (mootummaa) jechuun wanta tokko qabaachu fi too’annaa guutuu irratti

argachuudha. Akkasumas, wanta lubbuu qabu ajajuun, dhoowwun, adabuu fi

badhaasun aangoo guutuu irratti qabaachudha. Motummaan wanta hundaa harka

Rabbii jira. Jecha mootummaa jedhu hiika wanta tokko qabaachu fi too’anna

guutuu irratti argachuun yoo ilaalle, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Dhuunfataa

waan hundaati. Sababni isaas, Rabbiin wantoota Isaan ala jiran hundaa kan

uumee fi Gooftaa isaaniiti. Kanaafu, wanta hunda kan uumee erga ta’e, too’anna

guutuu wantoota uume kanniin irratti qaba. Akka fedhetti wantoota kanniin

jijjiruu danda’a.

Jecha mootummaa jedhu hiika aangootiin yoo ilaalle immoo Rabbiin aangoo fi

taaytaa guutuu wantoota jiran irratti qaba2. Murtiin hundi kan Isaati, nama fedhe

ol’aansa, nama fedhe gadi buusa. Gabroota Isaa ni ajaja, ni dhoowwa. Nama

Isaaf ajajamee ni badhaasa, kan Isa dide immoo ni adaba. Gonkuma Isa jalaa

miliquu fi dheessun hin jiru. Sababni isaas, “Inni waan hundaa irratti

Danda’aadha.” Rabbiin dandeetti fi humna guutuu qaba. Samii fi dachiin

too’anna Isaa jala jiru. Kanaafu, eessatti jalaa dheessan?

“[Rabbiin] eenyu keessantu irra gaarii akka hojjatu isin qoruuf Kan du’aa

fi jireenya uumedha.” Kana jechuun Rabbiin isin qoruu fi qormaata kanaan

eenyutu hojii irra gaarii ta'e akka hojjatu ifa baasuf ergasii hojii isaa irratti

hundaa’e nama hundaafu mindaa kennuuf ykn adabuuf du’aa fi jireenya uume3.

Ibn al-Jawzin (Rabbiin rahmata Isaaf haa godhu) akkana jechuun keeyyata

(aayah) tana ibsa: Jireenya tana keessatti isin qoruuf jireenya uume, du’a immoo

isin kaasu fi jazaa isiniif kafaluuf uume4. Hayyoonni biroos ibsa kana kennani

jiru. Sababni isaas, aayah Arabiffaa keessatti “…wal-hayaata liyabluwakum…”

2 Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur- Abdurahmaan Hasan

Habankaa 14/614 3 Madda olii-14/fuula 615 4 Zaadul Masiir 1456, Ibn Al-Jawzi akkasumas ilaali Tafsiir Qurxubii 21/112

Page 6: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 6

jechuun “jireenyi fi qoruun” wal duraa duuban dhufan. Jireenyaa fi qoruun kan

wal qabataniidha. Aayan (keeyyani) armaan gadi ibsa armaan olii kana ni

jabeessiti.

و﴿ يٱوه موتٱخلقله رضٱولسه ه لح وكنعرحش يهام

أ ۥفستهة حماءٱعل ل مح لبحل وك

د بعح من وث ون بحع مه م إنهك ق لحت ولئن عملا سن ححأ مح يك

حموحتٱأ ولنهل ينٱلق له

هذاإ واإنح كفر بيله رم ﴾٧سحح

“Inni Kan samiiwwanii fi dachii guyyaa jaha keessatti uumedha. Arshiin

Isaas bishaan gubbaa ture. Eenyu keessantu irra gaarii akka hojjatu isin

qoruuf, [isaan uume]. Yoo ati, “Dhugumatti, isin du’a booda ni kaafamtu.”

jetteen, warri kafaran, “kuni sihrii (falfala) ifa ta’e malee waan biraati

miti.” jedhu.” Suuratu Huud 11:7

Rabbiin subhaanahu wa ta’aala samiiwwanii fi dachii guyyaa jaha keessatti akka

uume ni beeksisa. Yeroo samiiwwanii fi dachii uumu, samii torbaffaa ol Arshiin

Isaa bishaan irra ture. Erga samii fi dachii uumee booda olta’iinsa Isaaf malu

Arshii ol olta'uun dhimmoota ni qindeessa, murtiiwwan qadaraa fi murtiiwwan

shari’aa irraa wanta fedhe ni jijjira. Gabrootaaf seera itti bulmaata ni baasaf,

wanta badaa irraa ni dhoowwa, wanta gaariitti ni ajaja. Kuni murti shari’aati.

Akkasumas, ogummaa (hikmaa) guutuu Isaatiin wanta fedhe ni uuma, nama

fedhe gadi buusa, kan fedhe olkaasa, kan fedhe dureessa godha, kan fedhe

hiyyeessa godha, kan fedhe ni ajjeesa, yeroo fedhetti immoo ni kaasa. Kunniin

murtii qadaraatti. Kanaafi, itti aanse, “Eenyu keessantu irra gaarii akka

hojjatu isin qoruuf, [isaan uume].” jedhe. Kana jechuun isin qoruuf wanta

samii fi dachii keessa jiran isiniif uume. Ergasii isin keessaa kamtu dalagaa irra

gaarii ta’e akka hojjatu ni ilaala ykn ifa baasa. Hojiin tokko “hojii irra gaarii”

jedhamuuf haala shari’aan ajajuun ikhlaasan kan hojjatame yoo ta’ee qofaadha.

Kana jechuun namni hojii gaarii hojjatu Rabbiif qofa jedhee hojjachu fi akkaataa

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ajajeen hojjachu qaba.5

Ibn al-Jawziin ni jedha, “Isin qoruuf” kana jechuun qormaata jazaan itti

kafalamu isin qoruuf. Namni xinxallu mallattoolee samii fi dachii ilaalun [yoo

5 Tafsiir Sa’diyy 433-434

Page 7: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 7

amanee fi hojii gaarii hojjate] mindaa argata. Warroonni didanii fi of tuulan

immoo ni adabamu6.” Kanaafi itti aanse Rabbiin ni jedhu, “Yoo ati,

“Dhugumatti, isin du’a booda ni kaafamtu.” jetteen, warri kafaran, “kuni

sihrii (falfala) ifa ta’e malee waan biraati miti.” jedhu.” Kana jechuun yaa

Muhammad (SAW) warroota Rabbiin waliin waan biraa gabbaran

(waaqefataniif) du’aan booda kaafamuun ni jira jechuun yoo ibsiteef, warri

kafaran “Kuni sihrii (falfala) ifa ta’e malee waan biraati miti.” jedhu. Isaan

biratti, “Sihrii (falfala)” jechuun wanta sobaa nama gowwoomsudha7.

Warroonni kafaran du’aan booda murtiif kaafamuun soba jechuun yaadu. Garuu

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa samii fi dachii garmalee gurguddatan kanniin

uumuu kan danda’e, isaan kaasu irratti Danda’aa akka ta’e isaanitti beeksisa.

Kanaafu jireenyi tuni tan uumamteef qormaataafi. Addunyaan tuni iddoo

qormaatati. Jireenyi tuni maaliif akka uumamte erga beekne, “hiika qormaataa,

qormaata fedhii, wantoota ittiin qoraman, wanta nama qoramu irraa barbaadamu

fi bu’aa qormaataa” ilaalun nurraa bareeda.

Hiika Qormaataa

Qormaata jechuun amala dhoksaa nama keessa jiru ifa baasuuf qoruu

(mokkoruu)dha. Jecha biraatin, jabinnaa fi dadhabinna isaa, obsa qabaachu

yookiin dhiisu isaa, galata galchuu yookiin dhiisu isaa ilaaluu fi ifa baasuf

wanta inni jaallatu ykn jibbu isa fuundura gochuudha. Akkasumas, qormaanni

hiika wanta ittiin qoramanii ni qaba. Fakkeenyaf, barataan yommuu qoramu,

gaafileen isaaf dhiyaatan qormaata ta’uuf.

Jechi biraa jecha ibtilaa’a (qormaata) jedhutti dhiyaatu jecha “fitnaa” jedhuudha.

Akka lugaatti fitnaa jechuun ibiddaan sibiila baqsuudha. Kan akka warqii oori

(xurii) irraa qulqulleessuf ibiddaan baqsuu. Ni jedhama: namni sibiila hojjatu

warqii fattane. Kana jechuun [qulqullinna] isaa qorachuuf ibiddaan baqse. Ergasi

jechi "fitnaa" jedhamu kuni qormaata cimaa agarsiisuuf itti fayyadaman. Sibiilli

yommuu ibiddaan baqfamu mallattoon irratti hafa ykn bocni isaa ni jijjirama.

6 Zaadul Masiir- 643, Ibn Al-Jawzi 7 Tafsiir Qurxubii 11/76-77

Page 8: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 8

Haaluma wal fakkaatun namnis wanta nafseen isa jibbituun ykn fedhii isaa

faallessuun yoo qorame, mallattoon ykn jijjiramni wayii irratti ni mul’ata.

Qormaata fedhii (Ibtilaa’ul iraadati) Qormaata fedhii jechuun adeemsa addunyaa tana keessatti hojii ifaa ykn

dhoksaa irraa wanta nafseen filattu ifa baasuuf fedhii namaa qoruudha. Rabbiin

subhaanahu wa ta’aalaa ilmaan namaa addunyaa tana keessatti qoruuf fedhii

kana kenneefi jira. Namni qoramuuf wantoonni isa barbaachisan waan isaaf

guuttamaniif addunyaa tana keessatti iddoo qormaataa kaa’ame. Qormaata

booda qorannoo fi jazaan ni dhufa. Kana jechuun namoonni addunyaa tana

keessatti erga qoramanii booda gara Aakhiratti dabarfamuun Guyyaa

Qiyaamaa akkamitti qormaata akka dabarsan ni qoratamu. Ergasii jazaan

isaaniif kafalama. Ta’uu baannan yoo kuni hin jiraatin, qormaanni tapha ta’a.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aala tapha irraa qulqulluudha.

Balaa fi Qananiin nama tuqu wanta sadii sadii keessaa hin bahu

ICCITII BALAA (MUSIIBAA) Balaan ykn rakkoon namatti bu'u bifa sadiin ilaalun ni danda'ama. 1ffaa-

Adabbiif, 2ffaa- qormaataf, 3ffaa- barsiisuu fi qulqullessuuf Tarii jireenya keenya keessatti balaan (musiiban) adda addaa nu qunnamu

danda'u. Musiiban nu qunnaman gosoota armaan olii sadan keessaa hin bahan.

1ffaa-Adabbiif yommuu jennu namni badii osoo hojjatu daangaa Gooftaa isaa

darbuun of miidha. Yeroo kana Rabbiin (subhaanahu wa ta'aalaa) akka gara

Isaatti deebi'uuf namticha ykn garee namootaa kanatti balaa (musiibaa) erga.

Qur'aana keessatti ni jedha:

ن﴿ مم نٱلحعذابٱول ذيقنهه دح بٱلحعذابٱد ونلح كح

يرحجع ونلح مح ﴾٢١لعلهه

“Dhugumatti, akka isaan deebi’aniif adabbii guddaa dura adabbii xiqqaa

isaan dhandhamsiifna.” Suuratu As-Sajdah 32:21 (Adabbiin xiqqaan

rakkoolee, musiibaa, dhibee fi balaa adda addaa addunya tana keessatti nama

Page 9: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 9

muudataniidha. Adabbiin guddaan immoo adabbii Aakhiraati. Akka namoonni

badii irraa buqqa’uun gara Rabbii deebi’anii amananii fi hojii gaggaarii

hojjataniif, adabbii Aakhirah guddaa dura adabbii xiqqaa isaanitti buusa.)

Kanaafu, namni kanniin keessaa ta'uu of beeke, gara Rabbii olta'aatti

deebi'uun, araarama kadhachuu fi hojii gaggaarii hojjachuun of dhaqqabuu

danda'a.

2ffaa- Qormaataaf yommuu jennu immoo wanta keessa namoota jiru ifatti

baasuuf wanta hin jaallannee isaanitti buusudha. Qormaanni kuni wanta isaan

keessa jiru ifatti baasa. Obsa, dhugummaa iimaanaa isaaniitii fi amaloota

dhokatoo biroo ifatti baasa. Qur'aana keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa

ni jedha:

“Dhugumatti sodaa fi beela irraa wanta tokkoon, akkasumas qabeenya,

lubbuu fi fuduraale irraa hir’isuun isin qorra (mokkorra). Warra obsan

gammachiisi. Isaan yeroo balaan isaan tuqe, “Dhugumatti nuti kan

Rabbiiti, nuti gara Isaatti deebi’oodha.” Jedhaniidha. Isaan warra faaruu

fi rahmanni Gooftaa isaanii irraa ta’e isaan irra jiruudha. Warri suni

isaanumatu qajeelfamoodha. ” Suuratu Al-Baqarah 2:155-157

Yeroo kanatti wanti namarraa eeggamu: obsuu, abdii qabaachu, iimaana irratti

gadi dhaabbachuu fi wantoota badaa hojjachuu irraa of qusachuudha.

3ffaa- barsiisuu fi qulqulleessuuf- namni osoo hojii gaarii hojjatu dogongoruu

danda'a ykn hanqinna baay'ee qabaachu danda'a. Balaan yommuu itti bu'u, of

beeke of sirreessa. Hanqinna isaa ni sirreessa. Kuni isaaf barnoota. Akkasumas,

hanqinna, ma'asiyaa fi dogongora irraa isa qulqulleessa. (Ragaa kanaa ilaali

Suuratu Aali-Imraan 3:141,154) Kanaafu, musiiban (balaan) yommu sitti bu'u,

Page 10: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 10

Ar-Rahmaanin hin komatin. Ar-Rahmaan musiibaa kan sitti erguuf siif rahmata

gochuufi malee si miidhufi miti. Akkuma warqiin ibiddaan waddamee

qulqulleefamu, namnis balaa adda addaatin qulqullaa'e nama gaarii fi sadarkaa

guddaa irra gahu ta'a.

ICCITII QANANII Qananii akka qabeenyaa, beekumsaa, fayyaa, aangoo fi kkf namni tokko

argatus bifa sadiin ilaalun ni danda'ama. Isaaniis: 1) Mindaa 2) Qormaata 3)

Istidraaj (suuta suutaan qabuuf)

Qananiin namni tokko argatu kanniin sadiin keessaa hin bahu.

1) Namtichi mu'mina (nama dhugaan amane) ta'ee fi qananii dabalataa yoo

argate, kuni mindaa wanta hojii gaarii hojjatee isaaf ta'uu danda'a. Fakkeenyaf,

namni dhugaan Rabbitti amanee yommuu sadaqaa kennu qabeenyi isaaf ni

dabalama. Kuni isaaf mindaadha. Aakhiratti immoo mindaa kana caalu argata.

2. Qormaataf yommuu jennu "namni kuni Na galateefata moo hin galateefatu?"

jedhe qoruu fi ifatti baasuf Rabbiin qananii kennaaf. Namtichi mu'mina ta'ee

qabeenyi, beekumsi fi sadarkaan kan isaaf dabalamu yoo ta'e, kuni qormaata

ta'uu akka danda'u dagachuu hin qabu. Kanaafu, Rabbiin galateefachu qaba.

Fakkeenyaaf Nabii Suleymaaniif Rabbiin beekumsa,qabeenya, aangoo fi

mootummaa guddaa kenneef. Garuu Suleymaan maal akka jedhe beektu?

Akkana jedhe, "Kuni tola Gooftaa kiyya irraa ta'eedha. Akka ani Isa

galateefadhuu moo hin galateefanne na qoruuf [qananii kana naaf

kenne].Namni Isa (Rabbiin) galateefate, kan inni galateefatu lubbuma

ofiitiif. Namni kafares [lubbuma ofii miidha]. Dhugumatti Gooftaan kiyya

Dureessa Arjaadha." (Suuratu Al-Naml 27:40) Kanaafu, namni tokko qananii

kamiyyuu yoo argatu, Rabbiin galateefachu qabaa malee kafaruun of miidhu hin

qabu.Galateefachu yommuu jennu qananiin kuni humna keenyan osoo hin ta'in

Rabbiin irraa akka dhufe beeku, Rabbiin jaallachu, oftuulu dhiisu, qananii

kanaan waan gaarii hojjachuu fi waan badaa ittiin hojjachuu dhiisudha.

3) Istidraaj (suuta suutaan qabuu)- namni tokko osoo badii hojjatuu qananiin

isaaf yoo dabalamee,kuni istidraaj jedhama. Kana jechuun nama badaa kana

Rabbiin dhumarratti adabbi hamaan isa qabuuf qananii dabalaaf. Fakkeenyaf

kaafirota yeroo darbanii fi kan ammaa haa ilaallu. Rabbiin kaafirotaf qananiin

kan dabaluuf isaan jaallate osoo hin ta'in, suutan suutan adabbii hamaan isaan

qabuufi. Rabbiin namoota Isatti kafaranii fi dachii keessa badii babal'isan

Page 11: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 11

akkamitti jaallataa? Kanaafu, namni tokko qananii kaafirootaa ilaalun of

gowwoomsu hin qabu. Yoo hin tawbatin dhumti nama kafaree ibidda waan

ta'eef. Qur'aana keessatti:

﴿ ينٱوليحسبه له مح لله مان مح إنه سهمح نف ل خيح مح لله مان مح نه

واأ كفر هي عذابم مح وله ه ا واإثحما ﴾١٧٨ليحداد

“Warri kafaran [adabbii] isaaniif tursiisuun gaarii isaaniif ta’uu akka hin

yaanne. Kan Nuti isaaniif tursiisnuuf akka badii dabalataniif qofa. Isaaniif

adaba xiqqeessatu jira.” Suuratu Aali-Imraan 3:178

Kitaaba wabii: Ibtilaa’u iraadati- 80-84, Abdurahmaan Habanka

Page 12: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 12

Wantoota ittiin qoramanii fi Qormaata keessatti wanta

barbaadamu

Wantoonni ittiin namoonni qoraman wantoota addunya keessa jiran hojjachuun,

dhiisun, argachuun nama gammachisaniidha. Akkasumas, wantoota nama

gaddisisan, wanta hojjachuun ykn dhiisun namarratti ulfaatu, rakkoo nama tuqu

ykn waan jaallatan dhabuu fi kkf dha. Fakkeenyaf maallaqa baay’ee argachuun

wanta nama gammachiisudha. Maallaqni kuni wanta ittiin qoramaniidha.

Ammas, rakkoon namatti bu’uun wanta nama gaddisisuu fi nafsee irratti

ulfaatudha. Kanaafu, rakkoon wanta ittiin qoramaniidha.

Wanti nama qormaata keessa jiru irraa barbaadamu immoo wanta isa

gammachiisu fi gaddisisuu keessatti Rabbiin faarsuu, wanta nafseen isaa jaallatu

fi hin jaallanne keessatti akkaata Rabbiin Olta’aan barbaadun Isaaf ajajamu fi

jaalala Isaa argachuuf hojjachuudha. Wantoonni nama dhukkubsanii fi ulfaatoon

namatti bu’an hamma obsaa inni qabu ifatti baasu. Wantoonni nama

gammachiisanii fi qananiin immoo hangam inni Rabbiin akka galateefatu ifatti

baasu.8

Asi gadiitti keeyyattoonni Qur’aanaa dhiyaatan wantoonni namoonni ittiin

qoramanii fi wanta qormaata irraa barbaadamu ifa nuuf godhu:

Suuratu Al-Kahf (18):7-8 keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana

jechuun dubbata:

﴿ عل ما جعلحنا رضٱإنها لح عملا سن حح

أ مح ه ي

أ مح لبحل وه هها ل وإنها٧زينةا

زا ر اج ﴾٨لجعل ونماعليحهاصعيدا

“Dhugumatti, Nuti isaan irraa eenyutu hojii irra gaarii akka hojjatu isaan

qoruuf waan dachii irra jiru isheef miidhaginna taasifne. Dhugumatti

8 Ibtilaa’ul Iraadati bil Iimaani wal-Islaami wal-Ibaadati– Fuula 73-..., Abdurahman Habankah

Page 13: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 13

wantoota ishii (dachii) irra jiran hunda dirree duwwaa biqilaa hin qabne ni

taasifna.”

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota dachii irra jiran kanneen akka nyaataa

fi dhugaati mi’aawaa, manneen, konkolaataa, biqiltoota, warqii, meetii, horii fi

wantoota biroo nafseen namaa jaallattuu fi itti rarraatu hunda dachiif

miidhaginna godhe. Kaayyoon kana godheef ilma namaa qoruun eenyutu hojii

irra gaarii akka hojjatu ilaalu fi ifa baasufi. Ergamaan Rabbiin (SAW) akkana

jedhan:

“Dhugumatti addunyaan mi'ooftuu fi magariisadha. Akkamitti akka

hojjattan ilaaluuf Rabbiin addunyaa tana keessatti bakka isin buusa…”

Sahiih Muslim 2742

“hojii irra gaarii” jechuun [qabeenya] haqaan fudhachuu, Rabbii fi Guyyaa

Aakhiratti amanuun karaa haqaa keessatti baasu, hojiwwan Rabbiin namarratti

dirqama godhe hojjachuu, wantoota Inni dhoowwe dhiisuu fi hojiwwan itti

jajjabeefaman baay’isuudha.9

Rabbiin subhaanahu wantoota dachii tanaaf miidhaginna taasiseen gabroota ni

qora. Qoruun kunis kan ta’u wanta hojjachuu hawwan akka dhiisanii fi wanta

dhiisu hawwan akka hojjatan ajajuuni. Kuni hundi hikmaa (ogummaa) Rabbii

waliin kan deemudha. Ogummaan kunis akka haqa hordofanii fi soba gatan,

keeyri hojjatanii fi sharrii dhiisan, wanta irra gaarii ta’e filachuun gara oliitti

akka ol bahan namarraa barbaada. Namni filannoo isaatiin wanta itti ajajame ni

hojjata, wanta irraa dhoowwame ni dhiisa. Kanaafu, filannoo kanaan eenyutu

hojii irra gaarii akka hojjatu ifa baha.

Qormaanni kuni qorannoo fi jazaa waan barbaachisuuf Rabbiin olta’aan jireenya

tanaan ala jireenya biraa qopheesse. Jireenyi lammataa tuni jireenya Aakhiraa

ganda qananii fi ganda azaaba (adabbii) of keessaa qabdudha. Warra amananii

fi toltuu hojjataniif ganda qananii tan taate Jannata isaan seensisa. Warra

kafaranii fi badii hojjatan immoo ganda adabbii Jahanammiin isaaniif qopheesse.

9 Tafsiir Qurxubii-13/208-209

Page 14: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 14

Garuu namoonni kaafamuun jireenyi lammataa dhufuun dura Rabbiin haala fi

sirna jireenya addunyaa tanaa ni xumura. “Dhugumatti wantoota ishii (dachii)

irra jiran hunda dirree duwwaa biqilaa hin qabne ni taasifna.” Kana

jechuun Dandeetti Guddaa keenyaan gara fuunduraatti fuulli dachii dirree

duwwaa biqilaa fi ijaarsa homaatu ofirraa kan hin qabne hanga ta’utti wantoota

dachiif miidhaginna goone hunda badiinsa guutuu kan badu taasisna10. Jecha

biraatiin dachii tana lafa diriiraa bu’aa bayii hin qabne, ijaarsa, gaaraa fi biqilaan

homaatu irra hin jirre ni taasifna. (Ilaali suuratu Xaahaa 20:105-107)

Addunyaa tana keessatti yeroon qormaataa erga xumuramee booda Rabbiin

wantoota dachii tana irra jiran ni balleessa. Qananiin, manneen ol dhedheeroo fi

qabeenyi namoonni ittiin of tuulanii fi sobaman addunyaa tana irraa ni badu.

Ergasii dachiin tuni dirree duwwaa homaa ofirraa hin qabne taati. Kuni haqiiqa

(dhugaa) addunyaa tanaati. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala akka waan ijaan

arginutti nuuf ibse, addunyaan sobamuu fi gowwoomu irraa nu akeekachiise jira.

Wanti dachii irratti miidhagfame qormaataaf akka ta’e nutti beeksisuun ganda

Aakhirah qananiin isaa turaa ta’ee akka kajeellu itti nu kakaasa.

Namoonni keessa osoo hin ta’in gubbaa addunyaa ilaalan, faaya fi miidhaginna

ishiitiin ni gowwoomu. Akka beelladaatti addunyaa hordofu. Akka beellada

marga dheedutti addunyaatti fayyadaman. Haqa Rabbii isaanii hin ilaalan, Isa

beekuuf xiyyeefannoo itti hin kennan. Garuu kaayyoon isaanii guddaan gara

fedheen haa argamu nyaatu, dhuguu fi fedhii foonii guuttachuu malee wanta

biraati miti. Namoota kanniin keessaa nama tokkotti duuti yommuu dhuftu,

wanta dhiise fi badii hojjateef dhiphachuu osoo hin ta’in, qananii isaa jala darbee

fi addunyaa irraa baduu waan heduuf garmalee dhiphata.

Namni keessa addunyaa ilaale fi kaayyoo ishii fi isarraa barbaadamu beeke

immoo wanta uumameef irratti wanta isa gargaaru addunyaa irraa ni fudhata.

Umrii isaa kabajamaa keessatti carraa hunda saammata. Addunyaa ganda taphaa

osoo hin ta’in ganda keessa qaxxaamuran godhata. Addunyaan adeemsa (imala)

irraa kutaa tokko malee mana yeroo hundaa keessa jiraatanii miti. Rabbii isaa

beekuuf, ajaja Isaa hojii irra oolchuu fi hojii miidhagsee hojjachuuf ni carraaqa.

Namni kuni nama Rabbiin biratti sadarkaa qabuudha. Rabbiin qananii, kabajaa

10 Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur- Abdurahmaan Hasan Habankaa 13/322

Page 15: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 15

fi gammachuu guddaa isaaf kenna. Yommuu namni addunyaa tanaan

gowwoome gubbaa addunyaa ilaalun ishii qofaaf hojjatu, namni sadarka guddaa

Rabbiin biratti argatu kuni immoo keessa addunyaa ilaaluun Aakhirah isaatiif

hojjata. Ee fagaate garaagarummaan isaan lamaan jidduu jiru!11

Qur’aana irraa keeyyattoota (Aayaataa) waa’ee Qormaataa fi

wanta nama Qoramu irraa barbaadamu Agarsiisan-Kutaa 1

Yaadachisaaf jireenyi addunyaa tuni iddoo namoonni itti qoramaniidha.

Wantoonni namoonni ittiin qoraman wantoota nafseen isaanii jaallattu ykn

jibbituudha. Nama qormaata keessa jiru irraa wantoonni barbaadaman: obsa,

shukrii (Rabbiif galata galchuu), Isa faarsu, yeroo hundaa Isaaf ajajamuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisudha. Akkasumas, qormaanni dadhabinna fi

jabeenya iimaana namaa ifatti baasa.

Namni qorame jazaa isa barbaachisa. Kana jechuun dhuma qormaata irratti

qoratamuun mindaan isaaf kennama ykn ni adabama. Kuni qormaata mana

barnootatti fudhannu irraayyu wanta beeknudha. Namni qormaata keessatti

qabxii gaarii yoo galmeesse mindaa gaarii argata. Kan qabxii gaarii hin

galmeessine immoo mindaa gaarii hin argatu. Karaa adda addaatiin rakkoo

jireenyaatin adabama. Kuni haala salphaan waa’ee qormaata akka hubannuuf

malee guutumaan guututti qormaata Rabbiin ilmaan namaa qoruun wal fakkaata

jechuu miti. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota karaa adda addaatin erga

qoree booda Guyyaa Murtii jazaa isaaniif kafala. Ta’uu baannan, qormaanni

bu’aan isaa hin beekkamnee fi jazaa hin qabne tapha ta’a. Rabbiin subhaanahu

tapha irraa qulqulluudha. Qur’aana keessatti yommuu ilaallu qormaata fi jazaa

wal bira fida.

Nama Qoramu irraa wanta barbaadamu keessaa: OBSA (SABRII)

11 Tafsiir Sa’diyyi-fuula 547

Page 16: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 16

Nama qormaata keessa jiru irraa “Obsi” ni barbaadama. Mindaan isaaf

kennamus obsa isaa irratti hundaa’a. Mee kana ilaalchise Qur’aana irraa wanta

namni ittiin qoramu, wanta isarraa barbaadamu fi mindaa isaa haa ilaallu:

“Dhugumatti Nuti sodaa fi beela irraa wanta tokkoon, akkasumas

qabeenya, lubbuu fi fuduraale irraa hir’isuun isin qorra (mokkorra).

Warra obsan gammachiisi. Isaan yeroo balaan isaan tuqe, “Dhugumatti

nuti kan Rabbiiti, nuti gara Isaatti deebi’oodha.” Jedhaniidha. Isaan warra

faaruu fi rahmanni Gooftaa isaanii irraa ta’e isaan irra jiruudha. Warri

suni isaanumatu qajeelfamoodha. ” Suuratu Al-Baqarah 2:155-157

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa aayah tana keessatti wantoota shaniin gabroota

Isaa akka qoru dubbata. 1ffaa- Sodaa irraa wanta tokkoon isaan qora. Kana

jechuun diinotaa fi yeroo waraanaa sodaachu fi rifachuu. 2ffaa-beelaan isaan

qoru. Kuni yeroo hoongee fi midhaan dhabamu ta’uu danda’a. 3ffaa-qabeenya

irraa hir’isuun- kunis balaa uumamaa kanneen akka roobaa, lolaa fi kkf

qabeenyatti bu’uun qabeenyi hir’achuu danda’a. Ammas, nama jalaa baduun,

zaalimni (cunqursaan) nama jalaa fudhachuun, hannaa fi karaalee adda addaatin

qabeenyi hir’achuu danda’a. 4ffaa- lubbuu irraa hir’isuun- kana jechuun

namoonni jaallatan kanneen akka ijoollee, firoota fi hiriyyootaa du’uudha. 5ffaa-

fuduraalee irraa hir’isuun- akka duraanitti firaafireen akka temiraa, muuzi,

burtukaanaa fi midhaan nyaata kanneen akka qamadii, garbuu fi kkf oomisha

isaanii kennuu dhiisu. Wantoonni kunniin sababa adda addaatin oomisha isaanii

ni hir’isu.

Obsa irratti akka of leenjisaniif wantoota kanniinin akka isaan qoru Rabbiin

namootatti beeksise. Yeroo wantoota kanniin keessaa muraasni isaanii bu’an

namni obse, Rabbiin mindaa isaaf kenna. Namni dallanee fi abdi kute immoo

Page 17: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 17

adabbiin isatti bu’a. Sababni isaas, wanta qormaata kanarraa barbaadamu waan

hin hojjanneef. Wanti qormaata kana irraa barbaadamu obsa. Kanaafi, Rabbiin

ni jedha, “Warra obsan gammachiisi” kana jechuun mindaa isaanii lakkoofsa

ykn hisaaba malee akka argatan isaan gammachiisi. Warroonni obsan warroota

gammachiisa guddaa fi kennaa dilbiin milkaa’aniidha. Sababa obsaniin

Aakhiratti Jannata qananii seenu. Addunyaa keessatti warra qajeelfamanii fi

faarfaman ta’u. Warroonni kunniin warra yeroo balaan isaan tuqe, “Innaa

Lillaahi wa innaa ileyh raaji’uun (Dhugumatti nuti kan Rabbiiti, nuti gara

Isaatti deebi’oodha).” jedhaniidha. “Dhugumatti nuti kan Rabbiiti” kana

jechuun nuti gabroota Isaati, wanta fedhe nutti hojjachuu danda’a. “nuti gara

Isaatti deebi’oodha” kana jechuun du’aan booda kaafamuu, hojiiwwan keenya

irratti jazaa argachuu fi obsa keenyaaf mindeefamu ni mirkaneessina.

Warroonni obsan kunniin “warra faaruu fi rahmanni Gooftaa isaanii irraa

ta’e isaan irra jiruudha.” Kana jechuun maqaa gaariin isaan faarsu, isaaniif

araaramu fi rahmanni Rabbiin irraa ta’e isaan irra jiraachudha. Rahmata Isaa

keessaa tokko obsa mindaa guddaa ittiin argatan akka qabaatan gochuudha.

“Warri suni isaanumatu qajeelfamoodha.” Kana jechuun warra haqa beekanii

fi irratti hojjataniidha. Bakka kanatti haqa beekun isaanii, “isaan gabroota Rabbii

fi gara Isaatti kan deebi’an ta’uu” beekudha. Haqa kana hojii irra oolchun immoo

Rabbiif jedhanii obsuudha.12

Kanaafu keeyyattoota kanniin keessatti wantoonni ittiin qoraman: sodaa,

beela, qabeenyi nama jalaa hir'achuu, namoonni jaallatan du'uu, oomishni

midhaanii fi firaafiree hir'achuudha. Wanti nama qorame irraa barbaadamu

immoo obsa. Obsi kuni Rabbiif ajajamuu, wanta Inni dhoowwe dhiisu, dallansu

fi abdii kutuu irraa of qusachuu of keessatti qabata. Mindaan namoota obsanii

immoo Jannata, faaruu fi rahmanni Rabbii isaan irratti jiraachudha.

Mee ammas aayah biraa keessatti wanta namni ittiin qoramuu fi wanta qormaata

irraa barbaadamu haa ilaallu.

12 Tafsiir Sa’diyy- 71-72, Zaadul Masiir-95-96,

Page 18: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 18

رحسلحناقبحلكمن﴿رحسليٱوماأ حم ل ونل ك

حلأ مح إنهه عامٱإله ونفلطه ش ويمح

واق ٱ سح الح ونوكنربكبصيا ب تصح

ضفتحنةأ لعح مح ﴾٢٠وجعلحنابعحضك

“[Yaa Muhammad] siin duratti ergamtoota irraa [ergamaa] hin ergine

dhugumatti isaan nyaata kan nyaatanii fi gabayaa keessa kan deeman yoo

ta’an malee. Garii keessan gariidhaaf fitnaa (qormaata) taasifne jirra. Ni

obsituu? Gooftaan keetis [waan hundaa] Argaa ta’ee jira.” Suuratu Al-

Furqaan 25:20

Aayan tuni mushrikoota Makkah Ergamaa Rabbiitiin (SAW) akkana jedhaniif

deebii kennuuf buute, “Sila kan nyaata nyaatu fi gabayaa keessa deemu kuni

ergamaa akkamii?” Mushrikoonni kunniin 'ergamaan Rabbiin ergu nama osoo

hin ta’in malaayka maaliif hin taane?' jechuun mormu. Garuu Rabbiin

subhaanahu wa ta’aala Nabii Muhammadin (SAW) dura ergamtoota nyaata

nyaatanii fi soorata (rizqii) isaanii argachuuf gabayaa keessa kan deeman malee

namoota hin nyaanne fi hin dhugne godhee hin ergine. Akkuma Nabii

Muhammad (SAW) nyaata nyaatu fi gabaaya keessa deemu, ergamtoonni isa

dura darbaniis nyaata nyaatu fi daldalaaf gabayaa keessa deemu turan. Kuni

sadarkaa fi guutummaa amala isaanii kan hir’isuu miti. Ergamtoonni hunduu

gaarummaan amala isaanii fiixe kan tuqeedha. Jechoonni fi hojiin isaanii

namoota hundarra kan caalu fi bareedudha. Eenyufillee fakkeenya gaarii ta’u.

“Garii keessan gariidhaaf fitnaa (qormaata) taasifne jirra.” Walitti

dhufeenya namootaa keessatti gariin gariif wanta ittiin qoramaniidha. Tokko kan

biraatiif qormaata ta’a. Ergamaan ummata itti ergameef qormaata ta’a. Kana

jechuun warroonni Rabbiif ajajamanii fi hin ajajamne ifatti akka beekkaman

sababa ta’a. Akkasumas, ummattoonnis ergamtootaaf qormaata ta’u. Rakkoo fi

gufuu adda addaa isaan fuundura kaa’u. Ammas, kaafirri mu'minaaf (nama

amaneef) qormaata, namni dureessi hiyyeessaf qormaata; hiyyeessis dureessaaf

qormaata, dubartiin dhiiraaf qormaata, dhiirris dubartiif qormaata ta’u. Haala

kanaan namoonni biroos addunyaa qormaataa tana keessatti waliif qormaata

ta’u.

Page 19: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 19

Kaayyoon qormaata kanaa obsa. Kanaafu, “Ni obsituu?” Kana jechuun itti

gaafatamummaa fi dirqamoota isin irra jiran obsaan bahuun mindaa obsaa

argattan moo kan hin obsine ta’uun adabbiif of saaxiltan?13

Dureessi yommuu hiyyeessa argu gargaaru qaba, isa tuffachuu fi gadi xiqqeessu

hin qabu. Obsuu jechuun wanta tokko irraa of qabuu waan ta’eef, dureessi

hiyyeessa tuffachuu fi gadi xiqqeessu irraa of qabuu (obsuu) qaba. Hiyyeesis

dureessa hinaafu fi haqa malee qabeenya isaa jalaa fudhachuu hin qabu14.

Kanaafu, hiyyeessi hinaafu fi hatuu irraa of qabuu (obsuu) qaba. Dubartiniis

dhiiraaf qormaata. Dhiirri karaa haraamaatiin dubartiiti deemu irraa of qabuu

(obsuu) qaba. Akkasumas, dubartiinis karaa haraamatin dhiiratti deemu irraa of

qabuu (obsuu) qabdi. Ammas kaafirri nama amaneef qormaata ta'a. Takkaa

yaada sobaa itti darbuun isa qora takkaa immoo sababa Islaama qabateen itti

qoosun, baacun, tuffachuun, rakkisuun qormaata ta'aaf. Kanaafu, namni amane

(mu'minni) wanta kaafirri itti waamu irraa of qabuu ykn of qusachuu qaba.

Akkasumas, Islaama irratti obsu qaba. Haala kanaan namoonni addunyaa

qormaata tana keessatti haqa irratti yoo obsan mindaa guddaa argatu. Yoo

dhiisan immoo adabbiif of saaxilu.

“Gooftaan keetis [waan hundaa] Argaa ta’ee jira.” Kana jechuun nama

hundaa ni arga, nama obsuu ykn hin obsine, nama amanuu fi hin amanne, nama

haqa isarra jiru bakkaan gahee fi hin geenye hundaa Inni ni arga15. Haala fi

hojii keessan hunda ni beeka. Ergasii hojii keessan irratti hundaa’e jazaa isiniif

kafala. Nama gaarii hojjate mindaa gaarii kennaaf, nama badii hojjate immoo

ni adaba16.

13 Tafsiir Sa’diyy-679 14 Tafsiir Qurxubii 15/390 15 Madda olii 392 16 Tafsiir Sa’diyy-679

Page 20: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 20

Qur’aana irraa keeyyattoota (Aayaataa) waa’ee Qormaataa fi

wanta nama Qoramu irraa barbaadamu agarsiisan-kutaa 2

Yommuu gara jireenyaa mil’annu wantoonni nama ajaa’ibsisanii fi gaddisisaan

baay’een keessatti mul’atu. Namni jireenyi maaliif akka uumamte beeku

jireenya keessatti hin dhama'u.

Wal-bira Qabiinsa (Analogy)

Jireenyi tuni maaliif akka uumamte caalatti hubachuu fi hojii irra oolchuf mee

fakkeenyaan haa ilaallu.

1-Jireenya Addunyaa (Dachii tana) akka Daree Qormaataa

2-Namoota dachii irra jiraatan akka Barattoota daree keessa jiranii

3-Wantoota namoonni ittiin qoraman akka Gaafilee waraqaa qormaata irra

jiranii

Jireenya addunyaa ykn dachii tana akka daree qormaatatti (examination room)

haa ilaallu. Yommuu qormaanni gahu barattoonni dareetti walitti qabamuun

waraqaan qormaataa isaaniif raabsama. Ergasii hundi isaaniitu gaafilee

hojjachuu jalqabu. Gaafileen kunniin wanta isaan ittiin qoramaniidha. Jireenyi

addunyaa tunis namoota fi wantoota isaan ittiin qoraman of keessaa qabdi.

Kanneen akka qabeenya, rakkoo adda addaa fi kkf.

Barattoonni qormaata seenan wanti isaanirraa eeggamu: gaafilee qormaataa

hanga danda’an hojjachu, korrochu irraa of qusachu fi naamusa qormaata

kabajuudha. Haaluma kanaan, namoonni addunyaa tana keessatti qoraman wanti

isaan irraa eeggamu: obsuu, shukrii (Rabbiif galata galchuu), wantoota itti

ajajaman hojjachu fi wantoota irraa dhoowwaman dhiisudha. Qormaanni

dhumarratti bu’aan isaa ni beekkama. Barataan qormaata seenee wanta isarraa

eeggamu yoo hin hojjatin, bu’aa gaarii argachuu danda’aa? Haaluma kanaan,

namoonni addunyaa tana keessatti qoraman, wanta isaan irraa eeggamu yoo

hin hojjatin mindaa gaarii Rabbiin waadaa galee argachuu danda’uu? Ammas,

barataan qormaata seene seera qormaataa cabsuun yoo korrojee fi jeequmsa

uume, amala badaa isaa kanaaf ni adabama. Haaluma kanaan, namni addunyaa

Page 21: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 21

qormaata tana keessatti wanta Rabbiin dhoowwe hojjate ykn wanta Inni itti ajaje

dhiise, ni adabama.

Kanaafu, jireenyi addunyaa tuni iddoo qormaata namni itti qoramuudha. Ergasii

hojii isaanii irratti hundaa’e mindaan isaaniif kennama. Akkuma barataan yeroo

qormaataa cimee yoo hojjate qabxii gaarii galmeessu fi dhumarratti mindaa

gaarii argatu, namni addunyaa qormaata tana keessatti cimee hojjates mindaa

gaarii argata. Kutaa darbe irraa itti fufuun wantoota namoonni ittiin qoramanii

fi wanta nama qorame kanarraa barbaadamu haa ilaallu.

Qur’aana keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

و﴿ يٱوه ئفله خل مح رضٱجعلك ضلح قبعح فوح مح ورفعبعحضك

سيع ربهك إنه مح ءاتىك ما ف مح بحل وك ل ۥوإنهه لحعقابٱدرجت وررهحيم ﴾١٦٥لغف

“Rabbiin Kan dachii keessatti bakka buutota isin godhee fi waan isiniif

kenne keessatti isin qoruuf jecha garii keessan garii irra sadarkaan ol

fuudhedha. Dhugumatti, Gooftaan kee adabni Isaa saffisaadha, ammas

dhugumatti Inni Araaramaa Rahmata godhaadha.” Suuratu Al-An’aam

6:165

“Rabbiin Kan dachii keessatti bakka buutota isin godhee” kana jechuun

dhaloota darbe bakka kan buutan isin taasise. Dhaloonni darban du’aan yommuu

addunyaa tana irraa deeman, Rabbiin dhaloota itti aanu fiduun dachii tana akka

ijaaran taasise, isaan qoruuf wanta ishii keessa jiru isaaniif laaffise. “garii

keessan garii irra sadarkaan ol fuudhe” Qabeenyaan, suuraan, bareedinnaan,

humnaan, beekumsaan, amalaan, bifaan gargara isin godhe, tokko tokko irra

caalchise. Wantoota kanniinin wal caalchisuun qormaata. “Wantoota isiniif

kenne keessatti isin qoruuf garii keessan garii irra sadarkaan caalchise.” Qoruu

Page 22: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 22

jechuun wanti mindaa fi adabbiin irratti ta’u isin irraa mul’achuudha17. Fkn, kan

akka obsaa, galata galchuu fi Isaaf ajajamuun isin irraa mul'achu.

Namni hundi kennaa Rabbiin isaaf kenneen ni qorama. Dureessi qabeenya

isaatiin ni qorama. Wanti dureessa irraa barbaadamu shukrii (galata galchuu) fi

akkaata Rabbiin ajajeen qabeenya isaa baasudha. Wanti nama beekumsa qabu

irraa barbaadamu, shukrii fi beekumsa isaatiin namoota fayyaduudha. Wanti

hiyyeessa irraa barbaadamu obsa.

“Dhugumatti, Gooftaan kee adabni Isaa saffisaadha” Nama Isa faallessee fi

keeyyattoota (aayaata) Isa kijibsiisef hatamtamaan isa adabuu danda’a. Tarii

Rabbiin nama badii hojjatuu fi hin amanne yeroo muraasaf dhiisu danda’a.

Garuu achii yoo qabe, gadi hin furu. Wanti ni dhufa jedhame hundi dhiyoodha.

Duuti fi Aakhiraan namoonni akka fagootti ilaalan dhiyootti ni dhufu. “ammas

dhugumatti Inni Araaramaa Rahmata godhaadha.” Nama Isatti amane, hojii

gaarii hojjate fi hojii badaa irraa tawbateef Rabbiin ni araarama, rahmata

godhaaf18

Kanaafu, qabeenyaan, bifaan, miidhaginnan, beekumsaa fi kan kana

fakkaataniin namoonni wal caalun qormaata. Namoonni gariin qabeenya

argachuun yommuu sadarkaan isaanii xiqqoo ol ka’u, “Rabbiin na kabaje ykn na

jaallate” jedhu. Yommuu qabeenya dhaban immoo Rabbiin na salphise jedhu.

Haala nama kanaa Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Qur’aana keessatti ni

dubbata, deebiis itti kenna:

﴿ ا مهنسن ٱفأ

لح ما رمه ۥربه بحتلىه ٱإذا كحۥمه ونعهۥفأ رب

ول فيق رمن كح

اإذاما١٥أ مه

هنۥفقدرعليحهرزحقه بحتلىه ٱوأ

أ رب

ول ١٦فيق ون رم ت كح بلله ه تيمٱكله ﴾١٧لح

17 Zaadul Masiir 482, Tafsiira Qurxubii 9/146-147 18 Tafsiiru Sa’diyy 317 fi maddoota olii

Page 23: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 23

“Namni yeroo Gooftaan isaa isatti arjoomuu fi isa qananiisuun isa qore,

“Gooftaan kiyya na kabaje” jedha. Yeroo Inni hiree isaa itti xiqqeessuun

isa qore immoo, “Gooftaan kiyya na xiqqeesse” jedha. Haa dhoorgamu!

Dhugumatti isin yaatima hin kabajjan.” Suuratu Al-Fajr 89:15-17

Rabbiin as keessatti haala namaa yeroo qabeenyi isaa bal’atu fi dhiphatu

dubbata. Yommuu Rabbiin isa qoruuf qabeenya isaaf bal’isuu fi isa qananiisu,

namni beekumsa hin qabnee fi Aakhiratti hin amanne, “Rabbiin na kabaje jira.

Osoo na kabajuu baate silaa kana hunda naaf hin kennu” jechuun yaada. Ammas,

yommuu qabeenya itti dhiphisuu fi xiqqeessu, Rabbiin na xiqqeesse jechuun

yaada. Rabbiin “Kallaa (haa dhoorgamu” jechuun itti deebisa. Kana jechuun

yaada akkanaa irraa haa dhoorgamu. Namni Ani qananiise hundi nama Ana

biratti kabajamaa ta'ee miti. Ammas, namni Ani qabeenya itti xiqqeesse hundi

nama na biratti xiqqaataa ta’ee miti. Rabbiin nama jaallatu fi hin jaallanneef

qabeenya ni kenna. Ammas, nama jaallatu fi hin jaallannetti qabeenya ni

xiqqeessa19. Garuu Rabbiin biratti safartuun kabajaa qabeenya osoo hin ta’in Isa

sodaachu fi Isaaf ajajamuudha.

عند﴿ مح رمك كحأ ٱإنه محلله تحقىك

﴾أ

“Dhugumatti, Rabbin biratti namni hunda keessan irra kabajamaa ta’e,

nama hunda keessan irra Rabbiin sodaatudha.” Suuratu Al-Hujuraat 49:13

Imaamu al-Qurxubiin ni jedha: [Yommuu qabeenyi bal’atuuf Rabbiin na kabaje,

yommuu itti dhiphisu immoo Rabbiin na xiqqeesse] jechuun amala kaafirootaa

Qiyaamaatti hin amanneeti. Kaafira biratti kabajaa fi salphinni qabeenyi

baay’achuu fi xiqqaachuni. Mu’minni (namni dhugaan amane) immoo kabajaan

isa biratti Isaaf ajajamuu fi milkii qooda Aakhiratti isa geessuun Rabbiin isa

kabajuudha. Yoo addunyaa irratti qabeenyi isaaf bal’ate Rabbiin ni faarsa, galata

galchaaf20

Muslimoonni baay’een iimaanni isaanii dadhabaa ta’ee fi kaayyoo jireenyaa hin

beeknes, yommuu qabeenyi bal’atuuf ‘Rabbiin na kabaje’, yommuu itti dhiphisu

19 Tafsiiru Sa’diyy-1090, Tafsiir ibn Kasiir 7/563 20 Tafsiiru Qurxubii 22/276

Page 24: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 24

immoo ‘Rabbiin na xiqqeesse’ jechuun akka kaafiratti yaadu. Kanaafu yaada

dogongoraa kana sirreessu qabu. Qabeenyi bal’achuu fi dhiphachuun wanta ittiin

qoramaniidha. Nama qabeenyi bal’ateef irraa wanti barbaadamu shukrii (Rabbiif

galata galchuudha). Nama qabeenyi itti dhiphate (hiyyeessa) irraa immoo wanti

barbaadamu obsa.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

ٱو﴿ وا لم عح نهوأ فتحنة مح ك لد وح

وأ مح ول ك مح

أ ما نه

ٱأ ۥعنده لله ر جح

أ

﴾٢٨عظيم“Qabeenyi fi ilmaan keessan fitnaa (qormaata) qofa akka ta’anii fi Rabbiin

bira mindaan guddaan akka jiru beekaa.” Suuratu Al-Anfaal 8:28

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa aayah tana keessatti qabeenyi fi ilmaan fitnaa

(qormaata) akka ta’an gabroota Isaatti beeksiisa. Qormaata kanaan wanti nafsee

keessa jiru ifa baha. Yoo qabeenyaa fi ilmaan isaaniif kenne, Isaaf galata galchu

moo Isarraa garagaluun qabeenyaa fi ilmaanin ko’oomuu (biizi ta’uu)?

“Rabbiin bira mindaan guddaan akka jiru beekaa.” Qabeenyaa fi ilmaan irra

mindaan, kennaa fi Jannata Isaatu isiniif caala. Tarii isaan (ilmaan) keessa diinni

jiraachu danda’a. Qabeenyaa fi ilmaan irraa baay’een isaanii adabbii Rabbii

sirraa hin deebisan. Rabbiin Mootii addunyaa fi Aakhirah waan fedhe

hojjatuudha. Guyyaa Qiyaamaa mindaa bareedaatu Isa bira jira.21 Garuu mindaa

bareedaa fi guddaa san kan argatu nama har’a addunyaa qormaataa tana keessatti

wanta itti ajajame hojjate fi irraa dhoowwame dhiisedha.

Kanaafu, qabeenyi fi ilmaan wantoota namni ittiin qoramuudha. Ammas

Qur’aanni haala nama yeroo qabeenya dhabuu fi argatuu akkana jechuun ifa

godha:

21 Tafsiiru ibn Kasiir 4/186

Page 25: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 25

﴿ مسه نسنٱفإذا مالح إنه قال نها م مةا نعح لحنه خوه إذا ث مه دعنا ض

وتيت ه ونۥأ لم ليعح مح ثه كح

أ فتحنةولكنه ه بلح علحم ﴾٤٩عل

“Namni yeroo rakkoon isa tuqe Nu kadhata. Ergasii yeroo Nuti qananii nu

biraa ta’ee isaaf kennine, “kan inni naaf kenname beekumsa [kiyyaani]”

jedha. Lakkisaa! Ishiin fitnaadha. Garuu irra hedduun isaanii hin beekan.” Suuratu Az-Zumar 39:49

Namni yommuu rakkoon akka hiyyummaa, dhibee, dhiphinnaa fi kan biroo isa

tuqu, wanta isatti bu’e kana akka isarraa oofuuf garmalee Rabbiin kadhata.

Garuu yommuu Rabbiin qananii Isa biraa ta’e isaaf kennee fi rakkoo isaa isarraa

oofe, Gooftaa isaatti ni kafara. Tola Rabbiin isaaf oole ni waakkata. “Ani kana

kan argadhe beekumsa kiyyaani” jedha. Qabeenya fi qananii Rabbiin isaaf kenne

'Beekumsa, dandeetti fi ifaaje kiyyaan argadhe' jechuun odeessa. Garuu oduu

isaa kana, “Lakkisaa! Ishiin fitnaadha.” Jechuun itti deebisa. Kana jechuun

qananiin siif kennine qormaata ittiin qoramtuudha. Galata ni galchita moo hin

galchitu jennee ifa baasuuf siif kennine. “Garuu irra hedduun isaanii hin

beekan.” Kana jechuun qabeenya isaaniif kennuun qormaata akka ta’e hin

beekan.22

Garuu namoonni beekumsa qabanii fi kaayyoo jireenya tanaa beekan

qabeenyaan, aangoon, ilmaaninii fi wanta addunyaa tana keessatti nama qoraniin

hin gowwooman. Akka fakkeenyatti Nabii Suleymaaniif Rabbiin beekumsa,

qabeenya, aangoo fi mootummaa guddaa kenneef. Garuu Suleymaan wantoota

kanniinin hin gowwoomne. Wanta Nabii Suleymaan (aleyh salaam) jedhe

Qur’aanni akkana jechuun nuuf hima: “…Kuni tola Gooftaa kiyya irraa

ta’eedha. Akka ani Isa galateefadhu moo hin galateefanne na qoruuf

[qananii kana naaf kenne]. Namni [Rabbiin] galateefate, kan inni

galateefatu lubbuma ofiitiif. Namni kafares [lubbuma ofii miidha].

Dhugumatti Gooftaan kiyya Dureessa Arjaadha.” (Suuratu Al-Naml 27:40)

22 Tafsiiru Sa’diyy 854, Tafsiiru Qurxubii 18/292-293, Ibtilaa’a 108

Page 26: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 26

Akka mootota wallaaltootaa Nabii Suleymaan (Aleyh salaam) mootummaa,

aangoo fi dandeetti isaatiin hin goowwomne. Garuu inni wantoonni kunniin

Gooftaa isaa irraa qormaata akka ta’an ni bare. Qananii argate kana irratti “galata

ni galcha moo hin galchu” jechuun sodaate. Ergasii Rabbiin galata namaatti kan

itti hin fayyadamne ta’u ifa godhe. Faaydan galata galchuu namuma galata

galche irratti deebi’a. “Namni [Rabbiin] galateefate, kan inni galateefatu

lubbuma ofiitiif. Namni kafares [lubbuma ofii miidha]. Dhugumatti

Gooftaan kiyya Dureessa Arjaadha.” Rabbiin hojii namni hojjatu fi galata inni

galchu irraa dureessa. “Arjaadha” keeyri (gaarii) baay’ee kan qabuu fi keeyri

kanaan nama galata galchu fi hin galchine haguuga. Garuu shukriin (galata

galchuun) qananiin amma jiruu akka itti fufuu fi qananii bade akka argataniif

sababa ta’a. Qananii irratti galata galchuu dhiisun (kafaruun) immoo qananiin

suni akka badu taasisa23. Qur’aana keessatti: “Yeroo Gooftaan keessan

[akkana jechuun] labse [yaadadhu], “Yoo Na galateefattan [qananii Kiyya

irraa] isiniifin dabala. Yoo Natti kafartan dhugumatti adabbiin Kiyya

akkaan hamaadha.” Suuratu Ibraahim 14:7

Guduunfaa

➦ Jireenyi tuni iddoo qormaataa namoonni itti qoramaniidha.

➦ Wantoota namoonni ittiin qoraman keessaa gurguddaan qabeenyaa fi

ilmaani.

➦ Rabbiin subhaanahu nama fedhetti qabeenya itti dhangalaasa, nama fedhetti

immoo ni dhiphisa. Kan akkana godhuuf isaan qoruufi. Kana jechuun galata ni

galchan moo hin galchan, ni obsan moo hin obsan? jedhe ifa baasufi. Ergasii,

hojii isaanii irratti hundaa'e mindaa isaaniif kafala.

➦ Kanaafu, namni qabeenyaan gowwoomu hin qabu.

23 Tafsiiru Sa’diyy 709

Page 27: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 27

Qur’aana irraa keeyyattoota (Aayaataa) waa’ee Qormaataa fi

wanta nama Qoramu irraa barbaadamu Agarsiisan-kutaa 3

Jireenya tana keessatti wantoonni namni jaallatu fi jibbu baay’een nama

qunnamu. Namoonni gariin wanta jaallatan yommuu argatan, garmalee

gammaduun of tuulu fi amalli fafeen biroo isaan irraa mul’ata. Faallaa kanaa,

namoonni gariin yommuu wanti jibban isaan qunnamu garmalee gadduun hanga

lubbuu ofii galaafatu gahu. Sababni kanaa inni guddaan maali jennee yoo

qoranne, kaayyoo jireenyaa wallaaludha. Jireenyi tuni namoota qoruuf akka

uumamtee fi qormaata irraa wanti barbaadamu: obsa, galata galchu, Rabbiif

ajajamuu fi wanta Inni dhoowwe irraa fagaachu akka ta’e namni beeku, yeroo

rakkoo fi toltuu madaala ofii eeggata. Garmalee dhama’uun dukkana keessatti

hin taru.

Fakkeenyaf, yeroo rakkoo obsa isarraa barbaadamu ni qabaata, wanta Rabbiin

isaa itti ajaje ni hojjata, wanta Inni dhoowwe irraa ni fagaata. Wanti Rabbiin

subhaanahu wa ta’aala itti ajajee keessaa inni guddaan, Isatti amanuu fi arkaana

iimaana hafanitti amanuu, salaata, Isa kadhachuu (du’aayi), Isaaf of gadi qabuu

fi hojii gaggaarii biroodha. Wanti guddaan Inni dhoowwe keessaa, kufrii, yeroo

rakkoos ta’e yeroo toltu wanta nama hin fayyannee fi hin miine kadhachuu

dhiisu. Fkn, nama du’e kadhachuu irraa ni dhoowwa. Ammas, rahmata Isaatirraa

abdi kutu ni dhoowwa. Kanaafu, namni yeroo rakkoo, obsa isarraa barbaadamu

yoo qabaate, wanta itti ajajame yoo hojjate fi wanta irraa dhoowwame yoo

dhiise, ulfaatinni rakkoo isaaf hir’ata.

Kutaa darbe irraa itti fufuun waa’ee qormaataa haa ilaallu. Qormaanni jabeenyaa

fi dadhabbinna iimaana namaa ifa baasa. Namoonni yommuu qoraman, namni

dhugaa fi namni sobaa ni beekkama. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Page 28: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 28

١الم﴿ حسبٱأ تن ونلهاس فح ي ل مح وه ءامنها ول وا نيق

أ وا ك ني تح

٢أ

ينٱفتنهاولقدح له لمنه هفليعح ٱمنقبحلهمح ينٱلله له لمنه ولعح صدق وا ﴾٣لحكذبيٱ

“Aliif Laam Miim. Sila namoonni ‘Amanne’ jechuudhaan odoo hin

qoramiin dhiifamu yaadu? Dhugumatti,Nuti warra isaanin duraas qorree

jirra. Dhugumatti Rabbiin isaan dhugaan [amanne] jedhan beekuf jira,

sobdootas beekuf jira.” Suuratu Al-Ankabuut 29:1-3

Wanta haqiiqaa (dhugaa) iimaana isaanii ifatti baasun osoo hin qoramiin sila

namoonni, “Nuti amanne ykn mu’mintoota” jechuun qofti isaan gahaa? Amanne

erga jedhanii booda osoo fitnaa (qormaata) irraa nagaha kan bahan ta’anii silaa

namni dhugaa nama sobaa irraa adda hin bahu ture. Garuu ummata darbanii fi

kan ammaa keessatti seerri Rabbii, badhaadhinnaa fi gadadoon, rakkoo fi

laafinnaan, wanta jaallatanii fi jibbaniin, durummaa fi hiyyummaan, yeroo tokko

tokko diinota isaan irratti moosisun, dubbii fi hojiin diinotatti duuluni fi kan kana

fakkaataniin isaan qoruudha. Qormaata kanniin fitnaa lama jalatti ramaduun ni

danda’ama. 1ffaa- Fitnaa shubahaata- kana jechuun dhugaan soba fakkaachu,

sobni dhugaa fakkaachu. Kuni iimaana qalbii keessa jiru faallessa. 2ffaa- fitnaa

shahwaa- kuni fedhii lubbuu ijjannoo namaa faallessuudha.

Namni yeroo shubahaanni isatti bu’u, gadi dhaabbatu fi hin sochoone,

shubahaata kana haqa isa bira jiruun yoo ofirraa ittise, kuni iimaanni isaa dhugaa

fi sirrii ta’uu agarsiisa. Ammas, yommuu fedhiin lubbuu gara badiitti nama

waamtu ykn ajaja Rabbii fi Ergamaa Isaatirraa nama garagalchu isatti bu’u,

fedhii lubbuu isaatti qabsaa’uun badii hojjachuu yoo dhiise ykn wanta Rabbiin

itti ajaje hojjate, kuni iimaanni isaa dhugaa fi sirrii ta’uu agarsiisa.

Faallaa kanaa, namni yeroo shubahaanni isatti bu’u qalbii isaa keessatti shakkiin

yoo uumamee fi yeroo fedhiin lubbuu isatti bu’u badii hojjatu ykn dirqamoota

Page 29: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 29

itti ajajame kan dhiisu yoo ta’e, kuni imaanni isaa dhugaa fi sirrii akka hin taane

agarsiisa24

Mee kana fakkeenyaan haa ilaallu. Yeroo waraanaa fi rakkooleen cimaan

Muslimoota muudatu, shubahaanni (dhugaan soba fakkaachun, sobni dhugaa

fakkaachun) namatti bu’a. Namni iimaanni isaa dhugaa fi sirrii ta’e, kuni

qormaata Rabbiin irraa ta’e jechuun obsa. Wanta iimaana faallessu hin hojjatu.

Waa’ee amanti isaa ilaalchisee hin shakku. Faallaa kanaa, namni iimaanni isaa

qalbii keessatti hidda hin qabanne immoo shakkiin itti bu’a. Waa’ee amanti

Islaamaa ilaalchise shakkuu jalqaba. Haala kanaan, namni iimaanan dhugaa ta’e

fi hin taane ifa baha.

Ammas, yeroo qabeenyi baay’atuu fi wantoonni fokkuun babal'atan, namni

iimaanni isaa cimaa ta’e gadi dhaabbata. Akka fakkeenyaatti biyyoota

Awrooppaa fi Ameerikaa ilaalu dandeenya. Ammas, telefoona, tv, interneeti

harka qabnu ilaalu dandeenya. Fiilmin wal-qunnamtii interneeti irratti

baay'innaan gadi lakkifama. Wantoonni fokkuu fedhii ofii haala salphaa fi

haraama ta’een akka guutatan nama waaman gara hundaan jiru. Namni iimaanni

isaa dhugaa fi sirrii ta’e, fedhii qullaa kanaaf hin bitamu. Wanta sheyxaanni

namaati fi jinni itti waaman kana hin hojjatu. Namni iimaanni isaa qalbii

keessatti hidda hin qabanne immoo wantoota kanniin haala salphaan hojjata.

Kanaafu, yommuu wantoota kanniin hojjatu, hanqinna iimaana isaa agarsiisa.

Haala kanaan, namni iimaanan cimaa ta’ee fi hin taane ifa baha. Namni iimaanan

cimaa ta’e yeroo adda jiruu interneeti banuun fiilmi wal-qunnamti hin ilaalu.

Namni iimaanan cimaa hin taane immoo ni ilaala. Ergasii hojii hojjatan irratti

hundaa’e takkaa mindaa argatu takkaa immoo ni adabamu. Namni badii hojjatu

gonkumaa Rabbiin jalaa hin miliqu. Kanaafi, itti aanse Rabbiin subhaanahu wa

ta’aala ni jedha:

حسب﴿ محينٱأ مل ونله ٱيعح ي ونات لسه م وناساءمايحك بق نيسح

﴾٤أ

24 Tafsiir Sa’diyy-734-735

Page 30: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 30

“Sila isaan hojii gadhee dalagan Nu jalaa bahuu yaaduu? Wanti isaan

murteessan waa fokkate!” Suuratu Al-Ankabuut 29:4

Namoonni hojii gadhee akka shirkii fi kan biroo hojjatan, hojii isaanitiif osoo

isaan hin qabinii fi hin adabiin waan Nu jalaa miliqan isaanitti fakkaataa?

“Wanti isaan murteessan waa fokkate!” murtiin isaanii murtii haqa irraa

jallate waan ta’eef murtii fokkatee fi badaa ta’eedha. Sababni isaas, murtiin kuni

Dandeetti Rabbii fi ogummaa Isaatti amanuu diduu, adabbii Isaa ofirraa

deebisuuf dandeetti akka qaban godhanii yaadu of keessaa qaba.25Warroonni

badii gurguddaa hojjatan, Rabbiin nu hin qabu, nu hin adabu, Aakhiraan itti

adabaman hin jirtu jechuun yaadu. Garuu kuni murtii fi yaada fokkataadha.

Kanaafu, namni jireenya tana keessatti karaa adda addaatin akka qoramu beekun,

yeroo rakkoo obsu fi shakkii qalbii isaatti dhufu ofirraa deebisuuf carraaqu qaba.

Ammas, yeroo toltu galata galchuu, wanta fokkuu hojjachuu irraa of qabuu fi

wanta itti ajajame hojjachuu qaba. Ta’uu baannan qormaata kan kufu ta’a.

Qormaata yoo kufe immoo mindaa guddaa dhabuun adabbiif of saaxila.

Wanta dhugummaa iimaana namaa ifa baasan aayah takka dabaluun kutaa kana

haa xumurru.

﴿ حاطبربهكأ ق لحنالكإنه لهتٱلرءحياٱوماجعلحنالهاس ٱوإذح ريحنكإله

أ

ل لنهاسو جرةٱفتحنةا ونةٱلشه حملحع رحءان ٱفل الحق ينا غح ط محإله ه يزيد محفما ه و ف ون ا ﴾٦٠كبيا

“Yeroo, “Dhugumatti Gooftaan kee namoota marseera.” siin jennes

[yaadadhu]. Argiinsa kee kan [halkan Israa’a] si agarsiifne, namoota ittiin

mokkoruuf malee waan biraatiif hin goone. Mukatti Qur’aana keessatti

abaarramtes [mokkorrif malee hin goone]. Nuti isaan sodaachifna; garuu

25 Tafsiir Qurxubii-16/338, Tafsiir Sa’diyy-735

Page 31: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 31

inni daangaa darbiinsa guddaa malee waan biraa isaaniif hin dabalu.” Suuratu Al-Israa 17:60

“Dhugumatti Gooftaan kee namoota marseera.” Kana jechuun Gooftaan kee

beekumsaa fi dandeettin namoota marsee jira. Hundi isaanitu qabaa Isaa keessaa

fi injifannoo Isaa jala jiru.26 Rabbiin wanta namoonni hojjatan hunda kan beeku

fi gonkuma Isa jala bahuun gara biraatti dheessun hin danda’amu. Kanaafu,

namni kana yoo beeke wanta Rabbiin dallansu irraa of qusata.

“Argiinsa kee kan [halkan Israa’a] si agarsiifne, namoota ittiin mokkoruuf

malee waan biraatiif hin goone.” Halkan Israa’a halkan Ergamaan Rabbii

(SAW) Makkaan irraa gara Al-Quds geeffamaniidha. Halkan kana keessatti

Rabbiin wantoota ajaa’iba Nabiyyii Isaatti agarsiise. Nabiyyiin wanta arge kana

namootatti yommuu beeksisu, wanta kanaan namoonni ni qoraman.

Qureeshonni dandeetti Rabbii hin hubanne, Muhammad halkan tokkoon

akkamitti biyya tokko irraa gara biyya biraa geefama jechuun mormii fi kufrii

guddaa agarsiisan. Warroonni iimaanni isaanii dadhabaa ta’es amanti keessatti

shakkuun duubatti deebi’an. Haa ta’u malee osoo dandeetti Rabbiitti xinxallanii

kuni wanta nama shakkisiisu miti. Yeroo ammaa namni halkan tokkoon biyya

tokko irraa biyya biraatti xiyaaran balali’a hin jiruu?

“Mukatti Qur’aana keessatti abaarramtes [mokkorrif malee hin goone].”

Mukni tuni muka Zaqquum jedhamtuudha. Hundee Jahannama keessatti

biqiluun warroota achi keessa seenaniif nyaata taati. Arabni nyaata jibbamaa fi

nama miidhu tokkoon, “kuni nyaata abaarrame” jedhu. Zaqquum warroota

Jahannam seenaniif nyaata garmalee hadhaawa fi jibbamaa ta’eedha. Rabbiin

kanarraa nu haa tiiksu. Mukni tuni namootaf fitnaa (Qormaata) dha. Warroonni

amanan Rabbiin hundee ibiddaa keessatti muka biqilchuu akka danda’u waan

amananiif dhugoomsun (iimaanni) isaanii ni dabalamaaf. Kaafironni immoo,

“Akkamitti mukni ibidda keessatti biqila” jechuun kijibsiisan27 Wanta addunyaa

tana keessatti hin taane Aakhirattis ta’uu hin danda’u jechuun yaadu. Wanta

beekumsa irratti hin qabne kijibsiisan.

26 Tafsiir ibn Kasiir 5/91, Tafsiir Sa’diyy-536 27 Ibtilaa’a- 105-106, Abdurahmaan Habanka

Page 32: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 32

Wanti guddaan asirraa barannu, odeefannoo Qur’aana keessatti dhufe itti

amanne fudhachuudha. “Akkamitti akkana ta’a? Kuni ta’uu hin danda’u”

jechuun namni haqa yoo kijibsiise of miidha. Guyyaa Qiyaamaa namoonni

haqa Rabbiin irraa dhufe kijibsisan bakka tokkotti walitti qabamuun komatamu

(waqqafamu). Qur’aana keessatti waa’ee isaanii ilaalchisee ni jedha:

بحت مب‍ا﴿ كذهإذاجاء وقالأ حته نت مح اذاك مه

وابهاعلحماأ يط ت يتولمح

مل ون ﴾٨٤تعح“Yeroma isaan dhufanu, “Sila isin beekumsaan osoo ishii hin marsin

keeyyattoota Kiyya sobsiiftuu? Mee maaluma hojjachaa turtanii?”

jedhaan.” Suuratu An-Naml 27:84

Yeroma warroonni aayaata (keeyyattootaa fi mallatoolee) Rabbii kijibsiisaa

turan iddoo wal-gahii (dirree mahashar) dhufan, Rabbiin (Azza wa jalla) akkana

isaaniin jedha: “Sila isin beekumsaan osoo ishii hin marsin keeyyattoota

Kiyya sobsiiftu?” Kana jechuun aayaata (keeyyattoota) Kiyya guutumaan

guututti osoo hin beekinii fi sirrii ta’uu isaanii osoo itti hin xinxallin soba akka

ta’etti yaaduun irraa garagaltan. Beekumsa malee kijibsiiftan. Hanga haqni ifa

isiniif ta’uu dirqamni isin irra jiru dhaabbachu ykn eegu ture. Beekumsa malee

dubbachuun isin irra hin jiru ture. Dhimma guutumaan guututti beekumsa itti hin

qabne akkamitti soba jettuuni? “Mee maaluma hojjachaa turtanii?”

Addunyaa keessatti wanta itti isin ajajee fi wanta irraa isin dhoowwe keessatti

maal hojjachaa turtanii? Beekumsa isaaniiti fi hojii isaanii ilaalchisee ni gaafata.

Beekumsi isaanii haqa kijibsiisu, hojiin isaanii immoo Rabbiif ala ykn sunnah

Ergamaa Isaatin ala akka ta’e ni arga28

Kanaafu, namni Qur’aanatti osoo itti hin xinxallinii fi hiika isaa sirritti osoo hin

hubatin, kijibsiisuuf yoo ka’e dhumti isaa badaadha. Wanta isaaf hin galle yoo

jiraate beektota gaafachu. Hanga ifa isaaf ta’uu eegu ykn qorachuu qaba.

28 Zaadul Masiir- 1054, Tafsiir Sa’diyy-715

Page 33: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 33

Guduunfaa

➹ Jireenya tana keessatti namoonni hunduu karaa adda addaatin ni qoramu.

"Ani iimaana qaba. Rabbiin waan na jaallatuuf na hin qoru." jedhee namni

yaadu yoo jiraate, yaanni isaa kuni dogongora akka ta'e haa beeku. Osoo hin

qoramiin bakka guddaa gahuun ni danda'amaa? Jannani iddoo guddaa qananiin

guuttamteedha. Garuu iddoo tana gahuuf addunyaa tana keessatti qormaata

barbaachisa.

➹ Namni qoramu wantoota isarraa eeggaman yoo hojjate iddoo guddaa kana

ni gaha.

➹ Wantoota gurguddaa namni ittiin qoramu keessaa tokko odeefannoo

gheeybi (ijaan hin mul'anne) itti beeksiisudha. Yeroo kanatti wanta namarraa

barbaadamu “iimaana (dhugaan amanuudha)”

➹ Qormaanni nama dhugaa ta'ee fi nama sobaa addaan fooya (baasa).

➹ Namni addunyaa tana keessatti yeroo hundaa qormaata keessa waan jiruuf

kan isa gargaaru fi qajeelchu barbaachisa. Guutumaan guututti nama gargaaru

fi qajeelchu kan danda'u Rabbii olta'aadha. Kanaafu, namni qormaata kana

darbuuf, yeroo hundaa gargaarsa fi qajeelchaaf Rabbii olta'aa kadhachuun

isarra jira. Ta'uu baannan dukkana jireenyaa keessatti bada.

Page 34: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 34

Qur’aana irraa keeyyattoota (Aayaataa) waa’ee Qormaataa fi

wanta nama Qoramu irraa barbaadamu Agarsiisan-kutaa 4

Jireenyi tuni iddoo qormaata yommuu taatu, jireenyi Aakhirah immoo iddoo

jazaati. Jazaan kuni mindaa fi adabbii of keessaa qaba. Namni jireenya qormaata

tana keessatti wanta isarraa barbaadamu ulaagalee guutuun hojjate, Guyyaa

Murtii mindaa guddaa argata. Namni wanta isarraa barbaadamu hin hojjatin ykn

ulaagaalee hojiin fudhatama itti argatu hanqise mindaa guddaa dhaba.

Wantoota addunyaa qormaata tana keessatti namni ittiin qoramu keessaa inni

guddaan sheyxaana. Sheyxaanni wanta fokkuu nama keessatti miidhagsuu fi

wanta gaarii fokkisuun gara jallinnaatti nama waama. Rabbiin subhaanahu wa

ta’aalaa ni jedha:

﴿ م تننهك ليفح ءادم يحطن ٱيبن نلشه مم بويحك رجأ خح

أ نهةٱكما مالح عنحه ينزع

ءتهماإنهه ماسوح يه مالي ووقبيل ه ۥلاسه ه مح إنهاجعلحناۥيرىك مح نه لتروح حيحث منحمن ونيطيلشهٱ ينلي ؤح لاءلله وح

﴾٢٧أ

“Yaa ilmaan Aadam! Akka abbaa fi haadha keessan qaama saalaa isaanii

isaanitti mul’isuuf uffata isaanii isaan irraa mulquun Jannata keessaa isaan

baasetti sheyxaanni akka isin hin qorre (hin mokkorre). Dhugumatti inni fi

gosti isaa iddoo isin isaan hin argine irraa isin argu. Nuti, isaan hin

amanneef sheyxaanota jaalalle goonee jirra.” Suuratu Al-A’araaf 7:27

“Yaa ilmaan Aadam!... sheyxaanni akka isin hin qorre” Kana jechuun

sheyxaanni sossoba isaatiin isin hin gowwoomsin, isin hin jallisin. Qaama saalaa

keessan ifatti mul’isu isiniif miidhagsa29. Akkuma haadhaa fi abbaa keessan

sossoba isaatiin Jannata keessaa baasetti, isinis sossobuun, badii isiniif

miidhagsuun, itti isin waamuu fi itti kakaasun baditti isin hin darbin.

29 Zaadul Masiir-fuula 490, Ibn Al-Jawzi

Page 35: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 35

“akka isin hin qorre” kana jechuun sheyxaanni sossobuu, gowwoomsu, hasaasa

(waswasaa) fi hawwisisuu isaatin hanga karaa Gooftaa keessanii irraa isin

jallisuun warroota ibidda keessatti adabaman keessaa isin godhu gahuutti isaaf

haala hin mijeessinaa. Sheyxaanni nama sossobuun, namatti hasaasun, badii

hawwisiisuu, itti kakaasu fi miidhagsuun baditti nama geessa. Namni sheyxaanaf

nafsee isaa keessatti bakka kennuun wanta inni itti hasaasu, dhugaa se’ee yoo

hordofe qilee badiitti isa dabarsa. Wanta fokkuu inni itti miidhagsuu fi

hawwisisu akka gaariitti ilaale yoo hordofe jallinnatti isa dabarsa. Kanaafi,

Rabbiin subhaanahu wa ta’aala sheyxaana irraa nama akeekachiisa.

Yaa ilmaan Aadam! Sheyxaanni isin sossobuu fi gowwoomsuun akka isin

harkisu, sadarka gadi aanaatti akka gadi isin buusu, qilee badii fi cubbuutti akka

isin dabarsu nafsee teessan keessatti bakka isaaf hin kenninaa. Akkuma abbaa fi

haadha keessan Jannata keessaa baasetti isinis karaa Jannataa irraa isin

deebisuun adabbii Gooftaa keessaniitti akka isin hin geessine30.

“Dhugumatti inni fi gosti isaa iddoo isin isaan hin argine irraa isin argu.”

Yaa ilmaan Aadam! Sheyxaanni fi gosti isaa isin waliin ta'uun bakka wayii irraa

isin argu. Garuu isin isaan arguu hin dandeessan. Sababni kanaa, Rabbii

dandeettiin Isaa guddate, argituu ilma namaa tana daangaa tan qabdu taasise.

Fakkeenyaf, ijji namaa qilleensa arguu hin dandeessu. Malaaykota ifa irraa

ta’anis arguu hin dandeessu. Akkasumas, qaama jinnis arguu hin dandeessu.

Ammas jarmoota, vaayrasoota, baakteriyaa fi kkf maaykiroskoppi malee arguu

hin dandeessu. Kuni sirna Rabbiin uumama ilma namaa, malaykoota fi Jinni

keessatti kaa’e irraayyi31. Kanaafu, namni sheyxaana ijaan waan hin agarreef hin

jiru yoo jedhe diina isaatiif bakka kennaa jira. Fakkeenyaf, yaa’insa elektrikii

(current) ijaan arguu dandeenyaa? Hin dandeenyu. Elektrikiin maddaan yoo wal

qabsiifame fi namni yoo isa tuqe, isa qaba. Asitti yaa’insa elektrikii ijaan hin

agarru. Garuu mallattoo isaatirraa beekna. Nama qabuun ykn ifa kennuun

yaa’insi elektrikii akka jiru nutti akeeka. Haaluma kanaan sheyxaanni nama

keessa naanna’uun baditti nama kakaasun sheyxaanni akka jiru nutti akeeka.

30 Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur- Abdurahmaan Hasan Habankaa 4/159-160 31 Madda olii

Page 36: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 36

Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:“Akkuma dhiigni naanna’u

sheyxaannis qaama ilma Aadam keessa naanna’a” (Sahih Al-Bukhaari 7171)

“Nuti, isaan hin amanneef sheyxaanota jaalalle goonee jirra.” Rabbiin maq-

dhaala guddinna Isaa agarsiisutti fayyadamuun warroota Isatti, Guyyaa

Qiyaamaatt, Ergamtoota Isaa fi hundee amanti hafanitti hin amanneef

sheyxaanota jaalalle akka godhe beeksisa. Namoonni kunniin osoo amananii

silaa sheyxaana irraa of eegu turan. Garuu kafaruun eeggumsa keessaa bahan.

Sheyxaanni baditti isaan kakaasa, itti hasaasa. Akka gabrichi gooftaaf ajajamu fi

masakamu, isaaniis sheyxaanaf ni ajajamu, ni masakamu. Ergasii dukkanaa fi

jallinnatti isaan dabarsa.

Namni sheyxaanan ni qorama. Garuu Rabbiin subhaanahu karaa sheyxaana irraa

ittiin of eegan ibse jira. Karaan sheyxaana irraa ittiin of eegan guddaan Rabbiitti,

Malaykotatti, Kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Aakhiraatti fi

Qadaratti amanuudha. Ergasii yommuu sheyxaanni wanta badaa namatti hasaasu

gara Rabbii dheessudha. Qormaata sheyxaanaa jala bahuuf kunniin lamaan

wanta namarraa barbaadamaniidha. Iimaanaa fi Rabbiin irraa eeggumsa

barbaadu. Mee kanniin Qur’aana irraa haa ilaallu.

ۥليحسل ۥإنهه ﴿ عل لحطن ينٱس يتوكه ونله رب همح ﴾٩٩ءامن واوعل

“Dhugumatti, inni (sheyxaanni) warroota amananii fi Gooftaa isaanii irratti

hirkatan irratti aangoo hin qabu.” Suuratu An-Nahl 16:99

Kana jechuun sheyxaanni warroota dhugaan amananii fi Rabbiin irratti hirkatan,

badii hin araaramamne kan akka kufrii fi shirkii akka hojjatan isaan gochuu hin

danda’u. Hiikni biraa aayah tanaa: sheyxaanni badii itti isaan waamu irratti ragaa

hin qabu32. (Sheyxaanni badii gurguddaa akka shirkiitti yommuu nama waamu

ragaa wayitu hin qabu. Namoonni nama du’e ykn taabota akka gabbaran itti

waama. Sammuunis ta’e odeefannoo samii irraa dhufeen ragaan wantoota

kanniin gabbaruun sirrii akka ta’e agarsiisu gonkumaa hin jiru. Akkasumas,

32 Tafsiira Qurxubii-12/426

Page 37: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 37

yommuu Rabbii fi Guyyaa Qiyaamatti akka hin amanne nama waamu, ragaa

wayitu hin qabu. Namoonni amanan sheyxaanaaf hin awwaatan.)

Yommuu sheyxaanni wanta badaa akka raawwatan namatti hasaasu, Rabbii

olta’aa irraa eeggumsa barbaadudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

اينزغنهكمن﴿ يحطنٱوإمه غفلشه تعذحٱنزح سح ٱب عليم ۥإنهه لله ﴾٢٠٠سميع

“Yoo garagalchaan (hasaasni badaan) sheyxaana irraa sitti dhufe, Rabbitti

maganfadhu. Dhugumatti Inni Dhagahaa, Argaadha.” Suuratu Al-A’araaf

7:200

Kana jechuun yommuu sheyxaanni wanta badaa sitti wasawasuu (hasaasu), hojii

gaarii irraa duubatti si harkisuu ykn hojii badaatti si kakaasu, gara Rabbii

dheessuun akka si eegu kadhadhu. Inni wanta jettu dhagahaadha. Niyyaa fi

dadhabinna kee, hangam gara Isaatti akka dheessutu ni beeka. Yoo dhugaan gara

Rabbii dheessun sheyxaana irraa akka si eegu kadhatte, Inni qormaataa fi

waswasaa isaatirraa si eega33.

Sheyxaana irraa tiikfamuuf akkaata Rabbiin irraa eeggumsa itti barbaadan

Qur’aanaa fi hadiisa keessatti dhufe jira. Qur’aana keessatti suuratu An-naas

(114) qara’uu. Yookiin (Rabbi a’uuzu bika min hamazaati shayaaxiin wa

a’uuzu bika rabbi a’yahduruun) “ jechuu. Hiikni kanaa:

Gooftaa kiyya, ani hasaasa sheyxaanotaa irraa Sittiin maganfadha.Gooftaa

kiyya isaan natti dhufuu irraa sitti maganfadha. ” (ilaali Suuratu

Mu’iminuun:97-98)

Sitti maganfadha=Siin tiikfama

Yookiin a’uuzu billaahi mina sheyxaani rajiim (sheyxaana abaarrame irraa

Rabbiin tiikfama) jechuu.

Namoonni hin amanne fi eeggumsa Rabbiin irraa hin barbaanne, qormaata

sheyxaana keessatti kufu. Ergasii jallinna, dukkanaa fi adabbii guddaa keessatti

33 Tafsiir sa’diyyi-356

Page 38: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 38

taru. Kanaafi, sababni guddaan namni itti jallatuuf sheyxaana hordofuudha.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

﴿ عليحهم حقه هدىوفريقا لٱفريقا للة ضه م ٱإنهه وا ذ يطيٱته لاءلشه وحأ

ٱمند ون ونلله تد هح مم نهه سب ونأ ﴾٣٠ويحح

“[Rabbiin] garee tokko ni qajeelche, gareen biraa immoo jallinni isaan

irratti mirkanaa’e. Dhugumatti, isaan Rabbii gaditti sheyxaanota jaalallee

taasifatan. Isaan akka qajeelfamanitti yaadu.” Suuratu Al-A’araaf 7:30

“[Rabbiin] garee tokko ni qajeelche” kana jechuun yommuu isaan jireenya

addunyaa keessatti karaa qajeelinnaa filatan, Gooftaa fi Tokkichummaan

gabbaramu kan qabu Rabbiin qofa akka ta’e yommuu amananii fi Islaama isaanii

labsan, Rabbiin qajeelinna isaaniif murteesse34. Qajeelinna akka argatan isaan

taasise, sababoota qajeelinnatti nama geessu ni laaffiseef. Wantoota qajeelinna

irraa nama dhoowwan isaan irraa deebise35

“gareen biraa immoo jallinni isaan irratti mirkanaa’e.” kana jechuun

jireenya addunyaa keessatti karaa jallinnaa ofiif waan filatanii fi iimaanaa fi

Islaama Rabbiin isaan irraa barbaadu waan hin guunneef jallinni isaan irratti

mirkanaa’e. Sababni kana hundatti isaan geesse sheyxaana jaalalle ykn hiriyyaa

dhiyoo godhachuudha. “Dhugumatti, isaan Rabbii gaditti sheyxaanota

jaalallee taasifatan.” Yommuu isaan Isaaf ajajamuun Rabbitti dhiyaachu

dhiisan, sheyxaanaaf ajajamuu fi hordofuun jaalallee fi hiriyyaa dhiyoo isa

godhatan. Sheyxaanni fedhii lubbuu hordofuu, faaya addunyaa tanaa fi wantoota

dhoowwaman isaaniif bareechise. Yaada fi hojii fokkuun isaan gowwoomse.

Hanga qilee jallinnaatti taranii adeemsa isaanii keessatti faana sheyxaanaa duuka

bu’an. Jallinna isaanii kana walinu “Nuti warra qajeelfaman” jechuun yaadu.

34 Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur- Abdurahmaan Hasan Habankaa 4/177 35 Tafsiir Sa’diyy- 322

Page 39: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 39

Sababni isaas, dhugaan dhimmootaa fuggisoo isaanitti ta’e. Baaxila (soba)

dhugaa akka ta’etti yaadan. Dhugaa immoo soba akka ta’etti yaadan36

Sheyxaana jaalalle fi hiriyyaa godhachuun jallinna guddaa akka jallatan nama

taasisa. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ni jedha:

نهه ﴿تبعليحهأ نهه ۥك

ه فأ عذابۥي ضله ۥمنتوله ديهإل عيٱويهح ﴾٤لسه

“Isa (sheyxaana) irratti ‘Inni nama jaalalle isa godhate kamillee ni jallisa,

gara ibidda boba’aatti isa qajeelcha’ jechuun barreefame jira.” Suuratu Al-

Hajj 22:4

Kana jechuun namni sheyxaana hordofe, sheyxaanni haqa irraa akka isa jallisuu

fi Aakhiratti gara ibidda bobaa’atti akka isa geessu murteefame jira.

Sheyxaanni ijaan hin mul'atu. Garuu akkamitti namoonni baay'een isa hordofuun

jiruu dararaa fi gaddaa jiraatu, ergasii ibidda Jahannamiif of saaxiluu? Deebii

kana Qur'aana irraa arganna. Namoonni karaa lamaan sheyxaana hordofu.

1ffaa- wanta sheyxaanni qoma (laphee) isaanii keessatti hasaasu (waswaasu)

dhugaa se'anii fudhatu. Nama keessatti yaada sobaa namatti miidhagsa, ni

hawwisiisa. Ergasii namoonni yaada sobaa inni namatti hasaasu kana duuka

bu'u. Hojii irra oolchuf ni tattaafatu. San booda adabbii badaatti kufu. Haala

kanaan sheyxaana hordofu. Qur'aana keessatti,

﴿ م ه ومايعد ه وي من يهمح مح ه يحطن ٱيعد ورالشه ر غ ﴾١٢٠إله"[Sheyxaanni] isaaniif waadaa seena, isaan hawwisiisa. Garuu sheyxaanni

gowwomsaa malee isaaniif waadaa hin seenu.” (suuratu An-Nisaa 4:120)

2ffaa- Hojii fokkuu namatti miidhagsuu fi hojii gaarii namatti fokkisuu-

namoonni yommuu hojii fokkuu hojjatan, sheyxaanni hojii fokkuu kana qoma

keessatti namatti miidhagsa. Hojii fokkuu kana keessa faaydan guddaan akka

36 Maddoota olii

Page 40: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 40

jiru godhee namatti mul'isa. Fakkeenyaf, sheyxaanni filmiin, TV'n, internetiini

fi kan kana fakkaataniin wantoota fokkuu namatti miidhagsa. Ergasii namni

dhuma hojii fokkuu kanaa sirritti itti hin yaanne, hojii kana hojjachuutti fiiga.

San booda dararaa fi gaddatti kufa. Haala kanaan sheyxaana hordofa.

Garaagarummaan sheyxaana hordofuu 1ffaa fi 2ffaa jidduu jiru: kan tokkoffaa

keessatti sheyxaanni yaada fi amanti kijibaa, hawwii fi waadaa sobaa namatti

hasaasa (wasawasa). Kan lamaffaa keessatti immoo hojii fokkuu namoonni biroo

hojjatan nama dharraasisa, akkuma isaanii akka hojjatan itti nama kakaasa.

Yookiin hojii fokkuu ofumaa hojjatan namatti miidhagsun hojii san irra akka

turan nama taasisa. Kanaafu, sheyxaana irraa of eeguf yeroo hundaa gara Rabbii

dheessun eeggumsaa fi gargaarsa Isarraa kadhachuun garmalee barbaachisadha.

Guduunfaa ✂Sheyxaanni namootaaf qormaata cimaadha. Karaan qormaata isaa kana jalaa

ittiin bahan, dhugaan amanuu, Rabbiin irratti hirkachuu, hojii Isaaf

qulqulleessu (iklaasa qabaachu) fi eeggumsa Rabbiin irraa barbaadudha.

✂Namni wantoota isarraa barbaadamu kanniin hin hojjanne, sheyxaanni isa

jallisa.

✂Sheyxaanni nama jallisuu jechuun dhugaa soba fakkeessu, soba immoo

dhugaa fakkeessuun haqa irraa akka fagaatanii fi soba hordofan taasisudha.

Akkasumas, wantoota fokkuu fi dhoowwamanitti akka lixan nama taasisudha.

Ergasii dhumarratti adabbii (azaaba) guddaatti geessa.

✂ Sheyxaana hordofuu jechuun wanta badaa inni namatti hasaasu hojii irra

oolchuf tattaafachu, dhugaa jibbuun soba hordofuu fi hawwii sobaa duuka

bu'uudha.

✂ Namni sheyxaanan gowwoomuun yoo baditti kufe, wanti isarraa eeggamu

tawbaa fi istighfaara. Kana jechuun badii irraa buqqa'uun gara Rabbii deebi'uu

fi araarama Isa kadhachuudha. Fakkeenyaaf nabii Aadam (aleyh salaam)

yommuu sheyxaanni isa dogongorsu, yoosu tawbachuun Rabbiin araarama

kadhate. Rabbiinis tawbaa isaa irraa qeebalun dogongora isaa ni araarameef.

Page 41: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 41

Jireenyi Maaliif Uumamtee?-Guduunfaa

Dhugumatti jireenyi maaliif akka uumamte beekuu fi wanta namarraa

barbaadamu hojjachuun ba’aa hangana hin jedhamne namarraa buusa. Kutaalee

darban keessatti maaliif jireenyi akka uumamte ilaalle jirra. Wantoota hanga

ammaa ilaalaa turre ni guduunfina.

Jireenyi tuni iddoo qormaataa namoonni itti qoramaniidha. Jireenya tana akka

daree qormaatatti ilaalu dandeenya. Namoota immoo akka baratootatti.

Wantoota namoonni addunyaa tana keessatti ittiin qoraman immoo akka

gaafilee qormaataa barattoonni ittiin qoramaniitti ilaalu dandeenya. Akkuma

barattoonni daree seenun gaafilee adda addaatin qoraman, ilmaan namaas

jireenya addunyaa tana keessatti dhufuun qormaata adda addaatiin ni qoramu.

Wantoonni namoonni ittiin qoraman baay’eedha. Wantoota kanniin qormaata

keessaa fi qormaata alaa jechuun bakka lamatti qoodu dandeenya. Lamaan

isaanitu kan wal qabataniidha. Qormaanni keessaa qormaata qalbii fi sammuu

namaatin wal qabataniidha. Kanneen akka: Sheyxaana, miirota akka sodaa,

beelaa, dhibee, jibbaa, jaalalaa fi kkf dha. Qormaanni alaa immoo qormaata ala

irraa gara namaa dhufuudha. Isaan keessaa gurguddoon: Qabeenyi baay’achuu,

hiyyummaa, namni jaallatan du’uu, oomishni midhaanii hir’achuu, waraana,

diina, dubartiin dhiiraaf qormaata ta’uu, dhiirris dubartiif qormaata ta’uu,

kaafirri mu’minaaf qormaata ta’uu, haaluma kanaan namoonni biros waliif

qormaata ta’uu fi kkf.

Barataan daree qormaata keessa erga seenee, wanti isarraa barbaadamu ni jira.

Innis, hanga danda’ee gaafilee qormaata hojjachuu fi naamusa badaa agarsiisu

irraa of qusachuudha. Haaluma kanaan, ilmaan namaa jireenya tana keessatti

iddoo qormaata erga kaa’amanii, wantoonni isaan irraa barbaadaman ni

jiru. Wantoonni kunniinis: obsa, shukrii (Rabbiif galata galchuu), Isaaf

ajajamuu, wanta Inni dhoowwe irraa of qusachuu fi kan kana fakkaataniidha.

Jireenya tana kan uume Rabbii olta’aadha. Ilmaan namas uumuun jireenya tana

keessa kan godhe Isa. Kanaafu, kaayyoo jireenya tana uumeef sirritti beeka.

Qur'aana keessatti:

Page 42: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 42

“[Rabbii] Mootummaan waan hundaa harka Isaa jiru tolli Isaa baay’ate.

Inni waan hundaa irratti Danda’aadha. [Rabbiin] eenyu keessantu irra

gaarii akka hojjatu isin qoruuf Kan du’aa fi jireenya uumedha. Inni

Injifataa, Araaramaadha.” Suuratu Al-Mulk 67:1-2

“[Rabbiin] eenyu keessantu irra gaarii akka hojjatu isin qoruuf Kan du’aa

fi jireenya uumedha.” Kana jechuun Rabbiin isin qoruu fi qormaata kanaan

eenyutu hojii irra gaarii akka hojjatu ifa baasuf ergasii hojii isaa irratti hundaa’e

nama hundaafu mindaa kennuuf ykn adabuuf du’aa fi jireenya uume37. Ibn al-

Jawzin (Rabbiin rahmata Isaaf haa godhu) akkana jechuun keeyyata (aayah)

tana ibsa: Jireenya tana keessatti isin qoruuf jireenya uume, du’a immoo isin

kaasu fi jazaa isiniif kafaluuf uume38.

Qormaata booda qorannoo fi jazaan ni barbaachisa. Rabbiin subhaanahu wa

ta’aalaa namoota kan qoruuf faayda isaan irraa argachuuf osoo hin ta’in

gammachuu fi milkaa’inna guddaa fi zalaalami akka gahaniifi. Mee addunyama

tana keessatti haa ilaallu. Namni osoo rakkoolee fi qormaata adda addaa hin

argin iddoo guddaa gahuu danda’aa? Hin danda’u. Jannani qananiin guuttamte

suni hoo, akkanumatti rakkoo fi qormaata tokko malee seenun ni danda’amaa?

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

ل وا﴿ خ نتدحأ حسبحت مح مح

نهةٱأ لملح ايعح ٱولمه ينٱلله له مح وامنك جهد

لم بينٱويعح ﴾١٤٢لصه

“Sila osoo Rabbiin isin irraa warra qabsaa’anii fi warra obsan hin mul’ifne

Jannata seenu yaadduu?” Suuratu Aali-Imraan 3:142

Kanaafu, iddoo ol’aana gahuuf qormaanni rakkoolee fi wantoota nafseen

jibbituun guuttame ni barbaachisa. Namni qormaata kanniin yoo darbe iddoo

guddaa isaaf waadaa galame gaha. Qormaata kanniin darbu jechuun wanta

37 Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur– Abdurahmaan Hasan Habankaa 14/615 38 Zaadul Masiir 1456, Ibn Al-Jawzi

Page 43: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 43

Rabbiin namarraa barbaadu hojjachuudha. Akkuma duratti jenne namoota

Jannata qananiin guuttamte san seensiisuuf wantoonni Rabbiin Guddaan

namarraa barbaadu: wantoota Inni ajaje hojjachuu, wantoota Inni irraa

dhoowwe dhiisu, obsaa fi shukriidha. Wanti Rabbiin subhaanahu wa ta’aala itti

ajajee keessaa inni guddaan, Isatti amanuu fi arkaana iimaana hafanitti amanuu,

ikhlaasa, salaata, Isa kadhachuu (du’aayi), Isaaf of gadi qabuu fi hojii gaggaarii

biroodha. Wantoonni gurguddaan Inni dhoowwe keessaa, kufrii, shirkii fi

badiiwwan birooti.

Namni jireenya tana keessatti wantoota kanniin yoo beeke hin dhama’u. 1ffaa-

jireenyi tuni maaliif akka uumamte beeku. (Namoota qoruuf). 2ffaa- Namoota

iddoo qormaataa jiran irraa wantoota barbaadaman beeku. (Wantoota Rabbiin

itti ajaje hojjachuu, wantoota Inni irraa dhoowwe dhiisu, obsaa fi shukriidha.)

3ffaa- Qormaata booda jazaan akka jiru beeku. Jazaan mindaa fi adabbii of

keessaa qaba. (Namni iddoo qormaata kana keessatti wanta isarraa barbaadamu

ulaagaalee guutuun yoo hojjate, mindaan isaa Jannata ta’a. Namni wanta isarraa

eeggamu hin hojjanne immoo adabbii isaaf malu adabama.) Kuni kan

adeemsifamu Guyyaa Qiyaamaati. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

﴿ سذائقة نفح حموحت ٱك ل يوحم مح ورك ج نأ مات وفهوح زحلحقيمة ٱوإنه فمنز حح

دحخللهارٱعن نهةٱوأ فازومالح يوة ٱفقدح ٱلح يا نح لد متع ورٱإله ر غ

﴾١٨٥لح

“Lubbuun hundi du’a ni dhandhamti. Mindaawwan keessanis

guutumaatti kan argattan Guyyaa Qiyaamati. Namni ibidda irraa

fageeffamee Jannata seensifame, dhugumatti milkaa’eera. Jireenyi

addunyaas meeshaa gowwoomsaa qofa.” (Suuratu Aali-Imraan 3:185)

Namni jireenya tana keessa zalaalami turuun qormaata addaan hin cinne hin

qoramu. Akkuma qormaanni daree yeroo itti dhumatu qabu, qormaanni

namoonni qoramanis yeroo itti dhumatu qaba. Yeroon kunis yeroo duuti

dhuftuudha. “Lubbuun hundi du’a ni dhandhamti.” Kuni kan agarsiisu

Rabbii gaditti wanti lubbuu qabu hundi ni dhuma. Yeroo hunda Jiraataan hin

duune Rabbii Tokkicha. Namoonni erga du’anii booda achumaan kan badanii

Page 44: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 44

miti. Kana irra, Guyyaan firiin qormaata isaanii itti mul’atu ni dhufa. Ta’uu

baannan, qormaata firii fi dhumti isaa hin beekkamne qoruun maal faayda qaba

ree? Rabbiin wanta taphaa hojjachuu irraa qulqulluu fi olta’aadha. Kanaafu,

wanta addunyaa keessatti hojjataa turtaniif, “Mindaawwan keessan

guutumaatti kan argattan Guyyaa Qiyaamati.”

Namni addunyaa qormaataa tana keessatti wanta isarraa barbaadamu hojjatu,

Guyyaa Qiyaamaa warra milkaa’an irraa ta’a. “Namni ibidda irraa

fageeffamee Jannata seensifame, dhugumatti milkaa’eera.” Kana jechuun

namni ibidda Jahannam irraa baraaramu fi fageefamuun Jannata seene,

dhugumatti inni wanta jibbamaa irraa fagaachuun wanta jaallatu argate. Nama

badii irraa baraaramee fi nama wanta jaallatu argate, “Qad faaza (milkaa’e jira)”

jedhama. Guyyaa Qiyaamaa wanti garmaleen jibbamaan ibidda Jahannami.

Wanti garmaleen jaallatamaan Jannata. Namni Jahannam irraa baraaramuun

Jannata seensifame dhugumatti milkii garmalee guddaa ta’e milkaa’e jira.

Namni tarii addunyaa tana keessatti milkaa’u danda’a. Garuu milkaa’inni

addunyaa tanaa kan baduu fi yeroo gabaabaf kan turuudha. Kanaafi namoonni

addunyaa tanaan akka hin gowwoomne itti aanse akkana jedha, “Jireenyi

addunyaas meeshaa gowwoomsaa qofa.” Namni yommuu addunyaa tana

keessa jiraatu hawwiin umrii dheeraaf turu isa gowwoomsa. Umriin kiyya

dheeraadha jechuun addunyaa tana keessatti waa baay’ee hojjachuuf hawwa.

Garuu duuti tasa itti dhufuun isa mura. Kanaafu namni addunyaa tanaan

gowwoomun Aakhira itti deemaa jiru dagachuu akka hin qabne akeekachiisa.

Sa’iid bin Jubeeyr ni jedha, “Nama Aakhirah barbaadachuu waliin hin

ko’oomneef addunyaan meeshaa gowwoomsati. Garuu nama Aakhirah

barbaadachu waliin ko’oomeef meeshaa wanta addunyaa tana caalu ittiin

gahuudha.”39 (Namni Aakhirah quba hin qabne, addunyaan isa gowwoomsiti.

Namni Aakhirah kaayyoo godhachuun carraaqu immoo kaayyoo isaa gahuuf

addunyatti fayyadama.)

Tolee, jireenyi addunyaa tanaa iddoo qormaataa erga taate namoonni maaliif

ittiin gowwoomu? Sababni guddaan Aakhiratti amanuu dhiisu fi kaayyoof

39 Madda olii-fuula 246

Page 45: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 45

yaada isaanii guutuu addunyaa tana qofa keessatti gabaabsudha. Rabbiin

subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

ونظ﴿ لم نيعح ام ٱهرا يوة نحياٱلح عنلد مح غفل ونلأخرةٱوه مح ﴾٧ه

“Isaan jireenya addunyaa irraa gubbama (zaahira) beeku. Isaan Aakhiraa

irraa immoo daguu keessa jiru.” Suurat Ar-Ruum 30:7

Namoonni baay’een beekumsa waa’ee addunyaa malee beekumsa biraa hin

qaban. Dhimma addunyaa akkamitti akka sirreessan, akkamitti akka argatan ni

beeku. Ishii argachuu fi karaalee ittiin argatan irratti garmalee ciccimoodha.

Garuu wanta Aakhiratti isaan fayyadu irraa gaflaa keessa jiru40. Gaflaa (daguu)

jechuun xiyyeeffannoo itti kennuu dhiisu fi irraa garagaluudha.

Mallatoolee fi ragaaleen Guyyaan Qiyaamaa (Aakhiraan) jiraachu agarsiisan

addunyaa keessa guutanii osoo jiranu Aakhiraa irraa daguu (gaflaa) keessa ta’u.

Namoonni baay’een wanta nafseen isaanii barbaaddu waliin ko’oomuun

mallatoolee fi ragaalee kanniin irraa sammuu isaanii garagalchanii jiru.

Aakhiratti qananii guddaa argachuu fi adabbii (azaaba) irraa baraaramuuf hin

carraaqan41.

Namni addunyaa tana keessa zalaalami erga hin jiraanne, jireenya isaa guutuu

addunyaa tana qofaaf hojjachuun maaliif fixaa? Addunyaa tanaan gowwoomun

maaliif kasaaraa? Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha,

40 Tafsiir ibn Kasiir 6/84 41 Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur 15/130

Page 46: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 46

“Yaa namoota! Dhugumatti waadaan Rabbii dhugaadha. Kanaafu,

jireenyi addunyaa akka isin hin gowwomsine. Gowwomsan (sheyxaanni)

waa’ee Rabbii akka isin hin gowwomsine. Dhugumatti sheyxaanni isiniif

diina. Isinis diina isa godhadhaa. Garee isaas warra ibidda boba’aa

keessaa akka ta’aniif qofa isaan waama. Isaan kafaran, adabbii cimaatu

isaaniif jira. Isaan amananii fi hojii gaggaarii hojjatan immoo araaramaa

fi mindaa guddaatu isaaniif jira.” Suuratu Faaxir 35:5-7

Aayah tana keessatti, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa addunyaa fi sheyxaana

irraa nama akeekachiisa. Waadaa jechuun dhimma gara fuunduraatti hojjatamu

isaa irratti ijjannoon guuttame beeksisuudha. Yookiin namni waa’ee dhimma

kana beeksisu “gara fuunduraatti wanti kuni ni argama” jedhee

dubbachuudha. “Dhugumatti waadaan Rabbii dhugaadha.” Rabbiin

namoota erga du’anii akka kaasu waadaa galee jira. Rabbiin waan hundaa irratti

danda’aa fi wanta beeksisu keessatti dhugaa waan dubbatuuf waadaan Isaa

dhugaa fi kan hin diigamneedha. Namni waadaa kan diiguf takkaa gufuun isa

muudachuun waadaa san akka hin guunne isa taasisa, takkaa immoo namni suni

kijibaa ta’uu danda’a. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa waan hundaa irratti

danda’aadha. Wanti Isa dadhabsiisuu tokkollee hin jiru. Ammas Inni wanta

beeksisu hunda keessatti dhugaa kan dubbatuudha. Kanaafu, waadaan Rabbiin

namoota du’an kaasu dhibbaan dhibbatti dhugaadha. Shakkii wayitu hin qabu.

Namoonni kaafamanii wanta addunyaa irratti hojjataa turaniif kan qoratamanii

fi mindaa itti argatan ykn itti adabaman erga ta’ee, namni akkamitti Guyyaa

Murtii kanaaf hojjachuu dhiisaa? “jireenyi addunyaa akka isin hin

gowwomsine.” Sa’iid bin Jubeeyr ni jedha, “jireenyi addunyaa nama

Page 47: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 47

gowwoomsu jechuun namni “osoo jireenya kiyyaaf hojii gaarii dabarfadhe

maal qabaa!42” hanga jedhu gahutti hojii Aakhirah [dhiisun] qananii fi mi’aa

ishiitiin ko’oomudha (biizi ta’uudha).” 43

Gowwoomsu jechuun baaxila (soba) dharraasisuu, wanta miidhaa fi badii qabu

keessa faaydan akka jiru itti fakkeessudha44

“Gowwomsan (sheyxaanni) waa’ee Rabbii akka isin hin gowwomsine.”

Shexyxaanni waa’ee Rabbii guddaa ilaalchisee karaa adda addaatin nama

gowwoomsa. Sheyxaanni karaa yaadatiin namatti dhufuun dhimma amanti

tokkoon tokkoon shakkisisuun nama gowwoomsa. Namni shakkisisuu kanaaf

deebii deebisee fi hordofe, sheyxaanni hanga namni kuni Rabbiitti kafaruu

gahutti isa oofa. Kuni gowwoomsa suuta suutaa namni kanaaf deebii deebisee

fi hordofe warra ibidda boba’aa seenan keessaa itti ta’uudha.

Ammas, sheyxaanni miira namaa kakaasun badii gurguddaa hanga hojjatan

gahanatti nama gowwoomsa. Badii irra deddeebi’anii hojjachuun sammuu

namaa keessatti dhimma miidhagfamuu fi fuudhatama kan qabu ta’a. Namni

hojii badaa kanniin yoo akka miidhagaatti ilaale, murtiwwan shari’aa Rabbiin

kaa’e shakkuu jalqaba. Ergasii shakkiin kuni itti fufuun hanga Rabbitti kafaruu

gaha. Haala kanaan sheyxaanni nama gowwoomsun warra ibiddaa keessaa

nama taasisa.

Ammas sheyxaanni araaramaa fi rahmata Rabbiitiin nama gowwoomsa. Namni

badii hojjachuuf yommuu yaadu, “Rahmanni Rabbii bal’aadha. Inni badii

hundaa ni araarama” jechuun badii hojjachuutti seena. Kuni hasaasa sheyxaanni

ittiin nama gowwoomsudha45. Kanaafu, sheyxaanni amanti Islaamaa keessatti

nama shakkisiisuun, baditti kakaasun nama gowwoomsa.

Sheyxaanni kana hunda kan hojjatuuf ilmaan namaa adabbii ibidda

Jahannamitti isaan geessufi. “Dhugumatti sheyxaanni isiniif diina. Isinis

42 Suuratu Al-Fajr 89:24 43 Tafsiir Qurxubii 17/346 44 Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur 7/50 45 Madda olii

Page 48: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 48

diina isa godhadhaa.” Hundemaa diinni nama miidhuu fi adabbii cimaatti

geessuf karaa kamittu kan fayyadamudha. Sheyxaanni diina ilma namaa waan

ta’eef adabbii cimaatti isaan geessuf karaa hundatti fayyadama.

“Garee isaas warra ibidda boba’aa keessaa akka ta’aniif qofa isaan

waama.” Kuni kaayyoo dhumaa sheyxaanaati. Namoota isa hordofan ibidda

boba’aa keessatti akka gubataniif kufrii fi badiitti isaan waama. Rabbiin

subhaanahu sheyxaanaaf ajajamuu fi ajajamuu dhiisu irratti hundaa’e namoota

gosa lamaa dubbate. Jazaa isaaniis ni dubbate. “Isaan kafaran,” kana jechuun

warroonni wanta Ergamtoonni fidanii fi kitaabban himan itti amanuu didan,

ibidda Jahannam keessatti “adabbii cimaatu isaaniif jira.” Isaan achi keessatti

yeroo hundaa kan turaniidha. “Isaan amananii fi hojii gaggaarii hojjatan”

kana jechuun warroonni qalbii isaanitiin Rabbitti, Malaaykota, Ergamtoota,

Kitaabban Isaatti, Guyyaa Qiyaamatti fi qadaratti amananii fi qaama isaanitiin

hojii isaan irraa barbaadamu hojjatan, “araaramaa fi mindaa guddaatu

isaaniif jira.” Yoo Rabbiin isaaniif araarame sharriin jibbamaan (adabbiin)

isaan irraa deema46. San booda mindaan guddaan hamma isaa Rabbiin malee

eenyullee hin beeknetu isaaniif kennama.

Kanaafu, namni sheyxaana fi addunyaan gowwoomun kasaaraa fi adabbii

guddaatti kufu hin qabu. Yommuu akkana jennu qabeenya argachuuf hin

hojjatin, Aakhirah qofa irratti xiyyeefadhu jechuu keenya miti. Kana irra,

“karaa Rabbiin hayyameen qabeenya argachuuf carraaqi. Ergasii Aakhiratti

mindaa guddaa kajeelun qabeenya kana karaa haqaa keessatti baasi. Ammas,

addunyaa tanaan ko’oomun Aakhirah hin dagatin.” jechuu keenya. Rabbiin

subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha,

ٱفيماءاتىكبحتغٱو﴿ ارٱلله هٱلده هٱولتنسنصيبكمنلأخرة يا نح لدسن حح

سنكماأ حح

ٱوأ ولتبحغلله رض ٱفلحفسادٱإلحكه

لح ٱإنه لله ب سدينٱلي فح حم ﴾٧٧ل

46 Tafsiiru Sa’diyy- fuula 804

Page 49: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 49

“Waan Rabbiin siif kenne keessatti ganda Aakhirah ittiin barbaadadhu.

Addunyaa irraayis qooda kee hin dagatin. Akkuma Rabbiin tola sitti oole,

atis tola ooli. Dachii keessattis badii [facaasuu] hin fedhin. Dhugumatti

Rabbiin balleessitoota hin jaallatu.” Suuratu Al-Qasas 28:77

Qabeenya Rabbiin siif kenne sadaqachuun ganda Aakhirah (Jannata) kajeeli.

Qabeenya kana fedhii kee guuttachuu qofarratti hin fixin. “Addunyaa irraayis

qooda kee hin dagatin.” Kana jechuun qabeenya kee guutuu sadaqachuun

harka qullaa akka haftu si hin ajajnu. Garuu, Aakhirah keetiif sadaqadhu, haala

amanti kee hin dugulchinee fi Aakhirah kee hin miinen addunyaatti fayyadami.

Akkuma Rabbiin qabeenya siif kennuun tola sitti oole, atis gabroota Isaatiif tola

ooli. Of tuuluun, wanta Rabbiin dhoowwe hojjachuun “Dachii keessattis badii

[facaasuu] hin fedhin.” “Dhugumatti Rabbiin balleessitoota hin jaallatu.”

Adabbii cimaa fi guddaa isaan adaba47.

Cuunfaa

1. Iddoo Qormaataa

Addunyaa tana

2. Wantoota Namoonni Ittiin qoraman

Qabeenya

Ijoollee

Sheyxaana

Dubartoota

Dhiirota

Hiyyummaa

Sodaa

Beela

Namni jaallatan du’uu

47 Madda olii-fuula 731-732

Page 50: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 50

Oomishni midhaani hir’achuu

Qabeenya dhabuu fi baduu

Sadarkaan wal caalu

Wanta gheeybi itti beeksisuu

Waraana

Beekumsa

Miidhaginna fi fokkinna

Rakkoo addaa addaa fi wanta lubbuun jaallatu

fi jibbitu biroo

3. Yeroo Qormaataa

Haala dhuunfaatiin yoo ilaallame, dhaloota irraa kaasee

hanga du’aatti

Haala walii-galaatiin yoo ilaallame, namni dachii tana

irratti erga dhufe irraa jalqabee hanga Guyyaa Qiyaamaatti

4. Wanta nama Qoramu irraa barbaadamu

Iimaana (Rabbii fi wantoota Inni beeksiseetti amanuu)

Obsa

Shukrii (Rabbiif galata galchuu)

Ikhlaasa

Tawbaa

Istighfaara

Gara Rabbii fiigun eeggumsa barbaadu fi Isa

kadhachuu

Rabbiin faarsu

(Gabaabumatti wanta Rabbiin itti ajajee hojjachu fi

wanta Inni dhoowwe dhiisudha).

Page 51: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 51

5. Bu’aa Qormaataa

Namni yeroo qormaataa keessatti wantoota isarraa

barbaadamu yoo hojjate, mindaa guddaan (Jannataan)

badhaafama.

Namni wantoota isarraa barbaadamu hin hojjanne immoo

adabbiitu isaaf ta’a.

6. Guyyaa Bu’aan Qormaataa Itti Mul’atu

o Guyyaa Qiyaamaati- Guyyaa namoonni du’an hundi

kaafamanii dirree tokko irratti walitti qabamaniidha.

Page 52: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 52

Namni Maaliif Uumamee?

Gaafin guddaan sammuu namaa keessa naanna’an keessaa tokko, “Ani maaliif

uumame?” kan jedhuudha. Namni gaafi kanaaf deebii gahaa deebise, jireenya

keessatti tasgabbi fi boqonnaan jiraata. Kaayyoo itti uumameef waan beekuf

wanta isarraa barbaadamu ni hojjata. Namni kaayyoo itti uumamee fi wanta

isarraa barbaadamu hin beekne immoo jireenya keessatti ni dhama’a. Eessarraa

ka’ee garam deemaa akka jiru hin hubatu. Kanaafu, namni dukkana’a jireenyaa

keessaa bahuuf kaayyoo itti uumameef qorachuu fi wanta isarraa barbaadamu

hojjachuuf tattaafachu qaba. Ta’uu baannan, yeroo hundaa jireenya

gammachuu hin qabnee fi nuffiin guuttamte jiraata.

Kutaalee darban keessatti jireenyi maaliif akka uumamte ifa Qur’aanaatiin

ilaalaa turreera. Jireenyi tuni iddoo qormaata akka taate hubanne jirra. Jireenyi

tuni iddoo qormaata erga taate namoonni immoo warroota ishii keessatti

qoramaniidha.

Namoonni jireenya tana keessatti qoramuuf ulaagaaleen qormaataa isaaniif

guuttame jira. Ulaagaaleen kunniinis, fedhii bilisaa fi dandeettidha. Rabbiin

subhaanahu wa ta’aalaa addunyaa tana keessatti ilmaan namaa qoruuf fedhii

waa ittiin filatan, sammuu ittiin yaadan, ija ittiin argan, gurra ittiin dhagahanii

fi dandeetti waan fedhan ittiin hojjatan isaaniif kennee jira. Namni fedhii ofiitiin

Rabbitti amanuu danda’a, dhiisus danda’a. Amanti irratti hin dirqisifamu. (Laa

ikraah fi-ddiini-Amanti keessatti dirqisisuun hin jiru) (Ilaali suuratu Al-Baqarah

2:256). Garuu dhuma irratti namni hundu jazaa waan hojjataa turee ni argata.

Yoo kafare, adabbii kufrii Guyyaa Murtii ni baadhata. Kana jechuun namni

kafare (Rabbitti amanuu didee fi Isa qofa gabbaruu didee) ibidda Jahannam

seena. Yoo amane immoo mindaa guddaa argata. Innis Jannata seenudha.

Kanaafu, namoonni addunyaa tana keessatti fedhii amanuu ykn kafaruu qabuu.

Dhumarratti immoo hojii isaanitiif qoratamuun mindaa ykn adabbii ni argatu.

Asirraa ka’uun, gaafi maaliif amantiin namootaa gargar ta’e jedhuufis deebii ni

arganna. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Page 53: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 53

﴿ شاء ٱولوح مالله ف مح بحل وك ل ولكن وحدةا ةا مه أ مح لعلك

ف ه مح ٱءاتىك وا تبق يحرت ٱسح ٱلإلح ملله افي نب ئ ك جيعا مح مرحجع ك ون فيهتحتلف نت مح ﴾٤٨بماك

“Rabbiin osoo fedhee silaa ummata tokko isin godhaa ture. Garuu wanta

isiniif kenne keessatti isin qoruuf, [gargar isin godhe]. Hojii gaarii keessatti

wal-dorgomaa. Hunda taatanii deebiin keessan gara Rabbiiti. Waan isin

keessatti wal dhabaa turtaniis isinitti hima.” Suuratu Al-Maa’ida 5:48

Kana jechuun Rabbiin osoo fedhe haqa irratti walitti isin qaba, hunda keessanu

amantii tokko qofa akka qabaattan isin godhaa ture. Garuu kitaabban isiniif

buusun amanti ibse, haqaa fi soba addaan baase. Kana booda kitaabban buuse

kanaan namoota qora. Kana jechuun nama kitaaba kanatti buluun Isaaf

ajajamuu fi nama kitaaba kanatti buluu diduun Isa faallessu adda baasa. Ergasii

hunda isaanitiif wanta hojjataa turaniif jazaa isaaniif kafala.

“Hojii gaarii keessatti wal-dorgomaa.” Kana jechuun gara hojii gaarii

hojjachuutti fiigaa. Kuni kan agarsiisuu hojii namarratti dirqama ta’an (waajiba)

yeroo jalqabaa isaatti hojjachuun irra gaarii akka ta’eedha. Fakkeenyaaf salaata

yeroon akkuma gaheen salaatun irra gaarii fi jaallatamaadha. Namni hojii gaarii

keessatti namoota dursuuf waa lama yoo hojjateedha. 1ffaa- hojii san yeroo isaa

keessatti hojjachu. Yeroon suni akkuma gaheen gara hojii sanii fiigu fi carraa

argame hundatti fayyadamuun hojii jaallatamoo ta’an hojjachuudha. 2ffaa-hojii

san haala namarraa barbaadamuun guutanii hojjachu48. Fakkeenyaf, namni

salaata yeroo isaa eege salaatu fi sharxiiwwanii fi arkaanaa isaa guute salaatu

namoota ni dursa.

“Hunda taatanii deebiin keessan gara Rabbiiti. Waan isin keessatti wal

dhabaa turtaniis isinitti hima.” Kana jechuun Aakhiratti hundi keessanu gara

48 Tafsiiru Sa’diyy-fuula 258

Page 54: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 54

Rabbii deebitu. Addunyaa tana keessatti wanta keessatti wal dhabaa turtan

Guyyaa Qiyaamaa isinitti beeksisa. San booda shakkiin ni deema. Hayyuun

beekkaman Ibn Jariir ni jedha, “Rabbiin addunyaa keessatti wanta namoonni

keessatti wal dhaban ragaaleen ibsee jira. Boru (Guyyaa Qiyaamaa) immoo

jazaa kafaluun ifa godha.49” (Rabbiin subhaanahu amantii dhugaa kitaaba

buusun ifa godhe jira. Namoonni fedhii qullaa hordofuu fi kitaaba Inni buuse

irraa jallachuun amanti keessatti wal dhaban. Rabbiin guyyaa Qiyaama nama

kitaaba Isaatii fi amanti dhugaa hordofe, mindaa Guddaa kennaaf. Nama

kitaaba Isaati fi amanti dhugaa irraa garagalee immoo adabbii cimaa adaba.

Haala kanaan, shakkiin ni deema, dhugaa fi sobni adda baha.)

Kanaafu, namoonni amantiin gargar kan ta’aniif kitaaba Rabbiin buuse

keessatti waan wal dhabanii fi qajeelcha Isaa irraa waan jallataniifi. Gariin

isaanii kitaabatti amanuun ni hordofan, gariin isaanii immoo kitaabatti kafaruun

daandii haqaa irraa bahan. (Ilaali suuratu Al-Baqarah 2:213 fi 253)

Namoonni yaadan, amantiin, qabeenyaan, dandeettiin, beekumsaa fi kan kana

fakkaataniin gargar ta’uun qormaata. Akkuma yeroo darbe jenne namoonni

addunyaa tana keessatti karaa adda addaatin ni qoramu. Namoota qoraman irraa

wantoonni barbaadaman: obsa, shukrii, Rabbiif ajajamu, wanta Inni dhoowwe

irraa fagaachu fi kkf. Garuu wantoonni kunniin jecha wali galaa tokko jalatti

walitti qabamu danda’u. Jechi suni maal akka ta’e beektuu? Jechi suni jecha,

“Ibaada” jettuudha. Ibaadan yaad-rimee bal’aa kan qabuudha. Kanaafi, Rabbiin

subhaanahu wa ta’aalaa Qur’aana keessatti bakka adda addaatti namoota akka

qoruu fi wanta isaan irraa barbaadamu ni dubbata. Ergasii jecha tokkoon wanta

isaan irraa barbaadamu suuratu az-Zaariyaat keessatti walitti qaba. Ni jedha:

“Jinnii fi ilma namaa akka Ana qofa gabbaraniif malee hin uumne.” Suurat

Az-Zaariyaat 51:56

49 Zaadul Masiir 389, Ibn Al-Jawzi

Page 55: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 55

Aayah tanaaf mufassiroonni (hayyoonni Qur'aana ibsan) ibsa adda addaa

kennanii jiru. Isaan keessaa mee muraasa haa eerru. Aliyy bin Abi Xaalib

(radiyallahu anhu) ni jedha, “Jinnii fi ilma namaa akka Ana qofa gabbaraniif

malee hin uumne.” Jechuun Jinnii fi ilma namaa hin uumne ibaadatti ajajuuf

malee. Jechi Rabbii olta’aan kana ni agarsiisa, “Isaan (namoonni) Gooftaa

Tokkicha gabbaruutti malee hin ajajamne” (suuratu At-Tawbaa 9:31,

akkasumas suuratu al-bayyinnah 98:5 ilaali). Abdullah bin Abbaas

(Radiyallahu anhu) ni jedha, “Jaallatanis jibbanis ibaada akka mirkaneessaniif

malee hin uumne.” Ammas akkana jedhamee jira, “Akka Anaaf gadi jedhaniif

malee hin uumne.” 50

Dubbin akkana erga ta'e mee hiika ibaada haa ilaallu. Al-Azhariyyi ni jedha:

akka lugaatti ibaada jechuun of gadi qabuun ajajamuudha. Karaan yeroo

baay’ee irra deddeemun yoo qaacca’e “Xariiqu mu’abbadu” jedhama.

Ammas hayyuun lugaa Arabiffaa Al-Jawhariyy ni jedha, “Hundeen ibaadaa al-

Khuduu’u (gadi of qabuu) fi az-zillatu (xiqqeenya)dha.”

Akka shari’aatti ibaadan hundee gadi of qabuu fi of gadi xiqqeessu irraa kan

fudhatamee fi yaada bal’aa kan of keessatti qabuudha. Hayyoonni Ibaadaf hiika

garagaraa kennanii jiru. Garaagarummaan hiikaa kuni gara wanta lamaatti

deebi’a:

1ffaa jechi ibaada jedhu akka masdaraatti yoo itti fayyadaman “at-ta’abbud

(gabbaruu)” ta’a. At-ta’abbud (gabbaruun) hojii gabrichaati. (Masdara

jechuun jecha xumura irraa ijaarramun yeroo itti hojjatamu hin agarsiisnedha.

Fkn, deeme, adeemsa. “Deeme” xumura ta’a. “Adeemsi” immoo masdara ta’a.

Xumurri“deeme” jedhu gochi yeroo darbe akka raawwatame agarsiisa. Garuu

jechi “adeemsa” jedhu gochi yeroo kamiin akka raawwatame hin agarsiisu.)

2ffaa jechi ibaadah jedhu akka maqaatti yoo itti fayyadaman, “al-

Muta’abbad bihi (wanta ittiin gabbaran)” ta’a.

Kanaafu, ibaada jecha “at-ta’abbud (gabbaruu)” jedhutti yoo fayyadamne,

hiikni isaa, “Akkaata shari’aan Rabbii itti dhufeen hojiiwwan Inni itti ajajee

hojjachuu fi hojiwwan Inni dhoowwe dhiisun Jaalalaa fi ol guddisuun Rabbiif

50 Tafsiiru Qurxubii 19/507, Zaadul Masiir 1352

Page 56: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 56

of gadi xiqqeessudha.” Jechi Sheykhul Islaam Ibn Taymiyah, “Ibaadan jaalala

guutuu fi gadi of xiqqeessu guutuu of keessatti qabata.” Jedhu, hiika ta’abbud

jedhu jalatti ramadama. Haaluma wal fakkaatun jecha Imaamu Ibn Al-

Qayyimis as jalatti ramaduun ni danda’ama. Imaamu ibn Al-Qayyim ni jedha,

“At-Ta’abbud (gabbaruu) jechuun jaalala daangaa ol’aanaa irra gahee fi

of gadi xiqqeessu daangaa ol’aana irra gaheedha. (Ibaadan bu’uura lama irra

kan naanna’uudha. Isaan lamaan kunniin hundee ibaadati: Jaalala guutuu fi of

gadi xiqqeessu guutuu)". Ammas ibn Kasiir ni jedha, “Ibaadan jecha jaalala, of

gadi qabuu fi sodaa guutuu of keessaa qabuudha.)

Gabaabumatti ibaadan hiika “at-ta’abbud (gabbaruutiin)” yoo ta’e, hiikni isaa

"ajajamuu (xaa'a) gadi of qabuu fi jaalala daangaa ol’aanaa irra gahe of keessaa

kan qabuudha". Maal keessatti ajajamuun (xaa’an) kuni ta’aa? Kuni gara hiika

lamaffaa akka deemnu nu taasisa51.

Ibaadan akka maqaatti itti fayyadamuun “al-Muta’abbad bihi (wanta ittiin

gabbaran)” yoo ta’e, hiikni isaa, “maqaa waligalaa dubbii irraa, hojii keessaa

fi alaa irraa wanta Rabbiin jaallatu fi itti gammaduudha. Salaanni, zakaan,

soomni, hajjiin, dubbiin dhugaan, amaanaa eegun, haadha abbaa toola oolun,

firummaa sufuun, waadaa guutun, wanta gaaritti ajajuun, wanta badaa irraa

dhowwuun, kaafirota fi munaafiqootatti qabsaa’uun, ollaatti, yatimootatti,

harka qalleeyyitti, karaa deemaa fi tajaajilaatti tola oolu fi beeladoota

kunuunsun, du’aayi (Rabbiin kadhachuun), zikriin, Qur’aana qara’uun fi kkf

ibaadaa (gabbarrii) irraayyi. Haaluma kanaan, Rabbii fi Ergamaa isaa

jaallachuun, Rabbiin sodaachun, amantii isaaf qulqulleessun (iklaasa

qabaachun), murtii Isaatif obsuun (balaa nama qunnameef obsuun), qananii

Isaatiif galata galchuun (shukriin), murtii Isaatti gammaduun, Isarratti

hirkachuun, rahmataa Isaa kajeelun, adabbii isaa sodaachunii fi kan kana

fakkaatan ibaada (gabbarri) Rabbii irraayyi.52”

Hiika jalqabaati fi kan lammataa akkamitti gargar baasu dandeenya jechuun

namni gaafachu danda’a. Hiika jalqabaa irratti ibaadaa jechuun jaalalaa fi of

gadi qabuu guutuudha. Namni wanta tokko garmalee yoo jaallatee fi of gadi

51 Ash-Shirku fiil qadiimi wal hadiisi-fuula 149-152, Abu Bakr Muhammad Zakariya 52 al-ubudiyata fuula 6, Ibn Taymiyah

Page 57: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 57

qabeef wanta san gabbaraa jiraa jechuudha. Akka hiika lamaffaatti immoo

ibaada jechuun wantoota Rabbiin itti ajajeedha. Fkn, kan akka salaata, zakaa,

sooma, hajjii fi kkf. Namni wantoota kanaan Rabbiin gabbara. Kanaafu, hiikni

ibaada lamaan kunniin wal keessa kan seenaniidha. Namni Rabbiin gabbaru

jaalala fi of gadi qabuu guutuun wanta Inni itti ajaje nama hojjatuudha.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota karaa adda addaatin qora. Wantoonni

namoota qoraman irraa barbaadaman: Obsa, shukrii, wantoota Rabbiin itti ajaje

hojjachu, wanta Inni dhoowwe dhiisu, iklaasa, Isaaf of gadi qabuudha…” Hiika

ibaada armaan olii yoo ilaalle, ibaadan wantoota armaan olii kanniin of keessatti

hammata. Kana jechuun obsi, shukriin, wantoota Rabbiin itti ajaje hojjachuun,

wanta Inni dhoowwe dhiisun, iklaasni, Isaaf of gadi qabuu fi kkf “ibaada” jalatti

walitti qabamu. Kanaafu, namoonni jireenya addunyaa tana keessatti yommuu

qoraman wanti isaan irraa barbaadamu “Ibaadadha” jechuudha.

Kanarraa ka’uun namoonni maaliif uumaman jenne yoo of gaafanne, deebiin

isaa kana ta’a: namoonni kan uumamaniif qoramuun ibaadah isaan irraa

barbaadamu akka mirkaneessaniifi ykn galmaan gahaniifi. Ergasii jazaa

hojii isaanii akka argataniif

Osoo qormaanni adda addaa jiraatu baate, silaa ibaadan barbaadamu kuni galma

hin gahu. Fakkeenyaaf, osoo rakkooleen adda addaa nama qunnamu baatanii,

silaa namni akkamitti gara Rabbii deebi’uun Isa kadhata, akkasumas obsaa?

Rakkooleen qormaata. Du’aayi fi obsi immoo ibaadadha.

Ammas, osoo badiin adda addaa addunyaa tana keessa jiraachu baate silaa

namni akkamitti tawbataa? Badiin (diliin) adda addaa qormaata, tawbaan

immoo ibaadadha.53

Namoonni jaallataniis jibbanis ibaadah ni mirkaneessu. Namni Rabbiin gabbaru

didee fi ibaadaa irraa of tuulu, yeroo rakkoo ibaada ni mirkaneessa. Kana

jechuun yeroo rakkoon garmalee itti cimu gara Rabbii deebi’un Isa ni kadhata,

of gadi qabaaf. Warroonni amanan immoo filannoo isaaniitiin yeroo rakkoo fi

53 Dabalataaf Rawdatul Muhibbiin fuula 96,99-100 ilaali, Ibn Al-Qayyim, Daaru aalamul Fawaa’id

Page 58: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 58

tolaa Rabbiin ni gabbaru, ibaada isaan irraa barbaadamu ni hojjatu. Kanaafu,

namoonni jaallatanis jibbanis ibaada ni mirkaneessu. Garuu ibaada kana irraa

eenyutu fayyadamaa?

Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ilmaan namaa irraa ibaada kan barbaaduf

mindaa gaarii isaaniif kennuufi. Ibaada isaanii irraa gonkumaa hin fayyadamu.

Sababni isaas, Inni Dureessa, Of Danda’aa fi Of Gahaadha. Namoonni Isa

gabbaranii dhiisanii wanti Isarraa hir’atu ykn dabaluuf hin jiru. Kanaafu, ibaada

irraa kan fayyadamu namuma ibaada hojjatuudha. Rabbiin ni jedha:

“Namni qabsaa’e kan inni qabsaa’u lubbuma isaatiifi. Rabbiin dhugumatti

aalama hundarraa Dureessa. Isaan amananii fi hojii gaggaarii hojjatan,

badii isaanii isaan irraa ni haaqna. Dhugumatti gaarii waan isaan dalagaa

turanii isaan mindeessina.” Suuratu Al-Ankabuut 29:6-7

Namni nafsee isaatti, sheyxaanaa fi diinotatti qabsaa’un wanta itti ajajame

hojjate, kan inni qabsaa’u fi hojjatu lubbuma isaatiifi. Kana jechuun bu’aa fi

mindaan qabsoo fi hojii isaa gara isaatti kan deebi’uudha. Rabbiin hojii isaanitti

hin fayyadamu, Inni wantoota uumaman hundarraa Dureessa waan ta’eef. Hojii

badaa irraa isaan dhoowwun hojii gaaritti kan ajajeef mindaa gaarii isaaniif

kennuufi. Kanaafi, itti aanse ni jedha, Isaan amananii fi hojii gaggaarii

hojjatan, badii isaanii isaan irraa ni haaqna. Dhugumatti gaarii waan isaan

dalagaa turanii isaan mindeessina.”

Rabbiin warroota amananii fi hojii gaggaarii hojjatan badii isaan irraa ni haaqa.

Kana jechuun badiin suni hanga akka hin hojjatamne ta’utti isaan irraa

Page 59: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 59

haaxawa. Akkasumas, hojii gaarii isaan hojjataniin isaan mindeessa. Kana

jechuun Isaaf ajajamuun hojii gaarii hojjataniif mindaa guddaa kennaaf54.

Garuu ibaadan kuni nama fayyaduuf ulaagaalee sadii guutuu qaba. 1ffaa-

Iimaana qabaachu. Kana jechuun Rabbitti amanuu, Malaykota Isaatti,

Kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Aakhiraatti fi qadaratti

amanuudha. 2ffaa-Rabbiif jedhanii hojjachuu (iklaasa). 3ffaa-Akkaata

shari’aan ajajeen hojjachuu- kana jechuun Nabiyyii (SAW) hordofu.

54 Tafsiiru Sa’diyy-fuula 735, Zaadul Masiir 1077

Page 60: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 60

Ikhlaasa Namni iimaana fi tawhiida qulqulluu qalbii keessaa yoo qabaate hojiin isaa isa

fayyada. Ta’uu baannan tokko qabaatani kan biraa dhabuun ykn lamaanu

dhabuun homaa nama hin fayyadu. Fakkeenyaf namni kaafira ta’ee hojii

gaggaarii baay’ee hojjachuu danda’a. Bu’uura hojii kan ta’e iimaana waan hin

qabneef hojii gaggaariin kuni homaa isa hin fayyadu. Ammas namni iimaana

qalbii keessaa qabaatee garuu yoo hojii isaa keessatti ikhlaasa hin qabaatin,

hojiin isaa suni jalaa bada. Ammas namni iimaana fi ikhlaasa qabaatee garuu

hojii san akkaataa shari’aan ajajuun yoo hin hojjatin, hojiin isaa suni isa hin

fayyadu. Kanaafu, hojiin tokko Rabbi olta’aa biratti fudhatama argachuuf

iimaana bu’uura kan godhate, ikhlaasan kan hojjatamee fi akkaata shari’aan

ajajuun kan raawwatame ta’uu qaba.

Sammubani.com irratti waa’ee iimaana fi hundeewwan isaa jahan ilaalle turre.

Kanaafu, ulaagaa kana irra hin deebinu. Amma ulaagaa lamaffaa hojiin ibaada

fudhatama ittiin argatu ilaalla. In sha Allaah ulaagaa sadaffaa gara

fuunduraatti fiqh jalatti ni ilaalla.

Hiika ikhlaasa Jechi Iklaasa (إخلاص) jedhu, jecha "Akhlasa(أخلص)" jedhu irraa kan

fudhatameedha. Akhlasa jechuun qulqulleesse jechuudha. “Akhlasa shey’an”

yommuu jedhu “wanta tokko makaa irraa qulqullesse, dhinbiibe” jechuu isaati.

Akhlasa lillahi diinahu-Amanti isaa Rabbiif qulqulleesse yommuu jedhu,

“Shirkii, na argaa fi na dhagahaa dhiise”55 jechuu isaati. Kanaafu, Ikhlaasa

jechuun Rabbitti dhiyaachuf qofa hojii gaggaarii hojjachuu fi Isatti wanta biraa

qindeessu dhiisudha. Fakkeenyaf namni yommuu du’aayi godhu Rabbiin waliin

waan biraa kadhachuu yoo dhiisee fi niyyaa isaa na argaa fi na dhagaha irraa

yoo qulqulleesse, inni ikhlaasa qabaa jechuudha. Ammas, yommuu salaatu,

sadaqaa kennu, soomu, hajjii hajju fi hojii gaggaarii biroo hojjatu, Rabbiif qofa

jedhee yoo hojjatee fi hojiiwwan isaa kana keessatti na argaa, na dhagahaa, na

jajaa,beekkamti, maallaqaa fi faayda addunyaa biroo yoo hin barbaadin, inni

ikhlaasa qabaa jedhuudha. Gabaabumatti, ikhlaasa jechuun Rabbiif hojii

55 https://www.almaany.com

Page 61: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 61

qulqulleessudha (Khaalisan lillah). Kana jechuun hojicha qulqulluu gochuu fi

Rabbii olta’aa waliin shariika (hirmaataa) gochuu dhiisudha. Sababni isaas, akka

lugaatti Khaalis jechuun wanta qulqulluu ta’ee fi makaa isa balleessu of keessaa kan

hin qabneedha.

Hiika kana jechi Rabbii olta’aan ifa godha:

ف﴿ مح لك نحعمٱوإنه ونهلح افب ط مه مم قيك سح ن ه ةا ناۦلعبح فرحثودمله منبيح

بي ال لشه اسائغا ﴾٦٦خالصا

“Dhugumatti beellada keessas barnootatu isiniif jira. Waan garaa isaanii

keessa jiru irraa cumaa fi dhiiga jidduu aannan qulqulluu dhugdotaaf

gadi liqimfamaa ta’ee isin obaafna.” Suuratu An-Nahl 16:66

Jechi, “aannan qulqulluu (labanan khaalisan)” jedhu aannan qulqulluu akka

ta’e kan ibsuudha. Namni yommuu sa’a ykn gaala elmu aannan qulqulluu

makaa akka dhiigaa, fincaanii fi xurii biroo hin qabne elma. Aannan makaa

kanniin irraa qulqulluu waan ta’eef aannaan qulqulluu (Khaalis) jedhame.

Haaluma kanaan hojiin gaariin tokko qulqulluu (khaalis) kan jedhamu makaa

akka shirkii, na argaa (ar-riyaa), na dhagahaa, na jajaa, of dinqisiifachuu fi kkf

irraa yoo qulqullaa’edha. Namni makaa kanniin irraa hojii isaa yoo qulqulleesse

ikhlaasa qabaa jechuudha.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa hojii akka Isaaf qulqulleessan ajaja. Sababni

isaas, hojii Isaaf qulqulleessuun (ikhlaasni) hundee amantiitii fi bu’aa baay’ee

kan qabuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

وا﴿ ب د لعح واإله مر ٱوماأ حلصيل لله ينٱم والد نفاءوي قيم لوةٱح ت والصه وي ؤح

ٱ كوة لزه ﴾٥لحقي مةٱوذلكدين

“Rabbiin qofa gabbaruu, qajeelanii amantii Isa qofaaf qulqulleessu,

salaata sirreessanii salaatu fi zakaa kennuu malee homaa hin ajajamne.

Kuni amanti qajeeladha.” Suuratu Al-Bayyinah 98:5

Page 62: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 62

﴿ لللهين ٱأ ٱلد الص ﴾لح

“Dhagayaa! Amantiin qulqulluun Rabbi qofaafi.” Suuratu az-Zumar 39:3

Amanti jechuun ajajamuu fi masakamuudha. Amantiin Rabbiif yommuu

jedhamu Guddinna Rabbitiif gadi of qabuu fi of xiqqeessuun Isaaf ajajamuu fi

masakamuudha. Jecha “Dhagayaa” jedhu labsii cimaa labsuu fi namoonni

xiyyeefannoo cimaa akka itti kennaniif itti fayyadaman. Hiikni Aayah kana

ta’a: yaa namoota xiyyeeffannoo itti kennaa, amantiin makaa irraa qulqulluu

ta’ee Rabbii Tokkichaaf malee eenyufillee hin ta’u. Wanti shirkii of keessaa

qabu gonkumaa Isa bira hin gahu.56 (Isa biratti fudhatama hin argatu).

Amanti qulqulluu jechuun amanti Rabbitti dhiyaachuf malee wanta biraatti

dhiyaachuf hin yaaddamneedha. Niyya gabrichaa keessa Rabbiin ala wanti

biraa yoo seene, namni kuni ikhlaasa keessaa baha. Sababni isaas, hojiin isaa

qulqulluu hin taane. Kanaafi, shirkiin wanta biraa Rabbiin waliin wal

qixxeessudha. Namni Rabbitti waa qindeesse (mushrikni) ikhlaasa keessaa

bahee jira. Sababni isaas, haqa Rabbiif malee eenyufillee hin mallee wanta

biraatiif kennuun wanta Rabbiin ala jiran Isaan wal qixxeesse jira. Kuni immoo

faallaa ikhlaasati.

Kanaafu, iklhaasa akkana jennees hiiku dandeenya: Ikhlaasa jechuun amanti

qulqulluu Rabbiin malee wanti biraa ittiin hin barbaadamnedha. (Jecha biraatin,

Ikhlaasa-jechuun hojii ibaada hojjatan keessatti Rabbiin malee wanta biraa kan

itti hin barbaannedha.)

Ammas, faallaa isaatiin ikhlaasa hiiku dandeenya: Ikhlaasa jechuun shirkii kan

of keessaa hin qabneedha. (Shirkii jechuun Rabbitti waa qindeessudha.

Fakkeenyaf namni akkuma Rabbiin kadhatu, sodaatu, kajeelu, wanta biraas yoo

kadhate, sodaate fi kajeele, shirkii hojjate jedhama.) shirkiin gosa lamatu jira.

56 Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur– Abdurahmaan Hasan

Habankaa 12/152

Page 63: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 63

Tokkoffaa kan Islaama keessaa nama baasu shirkii guddaa yommuu jedhamu

lamaffaan immoo shirkii xiqqaa amanti keessaa nama hin baasnedha. Shirkiin

guddaan wanta biraa Rabbi olta’aan wal-qixxeessudha. (Fakkeenyaaf, Akkuma

Rabbiin rooba samii buusu ebalus rooba ni buusa jedhani amanuu fi nama san

kadhachu. Sifaata (amaloota) fi hojii Rabbii kan uumamtootin wal fakkeessu.)

Shirkiin xiqqaan immoo hojii san kan nama jalaa balleessudha. Fakkeenyaf, kan

akka na argaa (riyaa). Ikhlaasni shirkii kanniin lamaan irraayyu qulqulluu kan

ta’eedha.

Kanaafu, ikhlaasni roga (rukni) lama qaba. 1ffaa-Isbaat (raggaasisuu ykn

mirkaneessu), 2ffaa-Nafiyy (dhabamsiisu). Namni tokko yoo raggaasisee fi

dhabamsiisee malee mukhlisa (nama ikhlaasa qabu) ta’uu hin danda’u. Kunniin

lamaan rukni tawhiidaati. Raggaasisuu jechuun ibaada hunda Rabbiif qofa

gochuudha. Dhabamsiisu jechuun immoo wantoota Rabbiin ala jiraniif ibaada

(gabbarrii) homaatu gochuu dhiisudha. Jechi Laa ilaah illa Allah (Rabbiin

malee dhugaan gabbaramaan hin jiru) jedhu kana ifa godha. (Laa ilaah-dhugaan

gabbaramaan hin jiru)-kuni wanta Rabbiin ala jiran hundarraa ibaadaa

dhabamsiisudha (nafiyy). (Illa Allah-Rabbiin malee) Rabbi tokkichaaf ibaada

raggaasisudha (isbaat).

Namni dhabamsiisee (nafiyy) godhee yoo hin raggaasisin, inni warra tawhiidaa

keessaa hin ta’u. namni Laa ilaah jedhee jechuma tana irratti dhaabbate eetisti

ta’a. (eetisti jechuun nama Gooftaan wantoota kanniin uume hin jiru, wantoonni

ofumaan argaman jechuun lallabuudha.) Ammas namni raggaasisee garuu hin

dhabamsisin warra Rabbiin Tokkichomsan keessaa hin ta’u. Namni “Rabbiin

Gooftaa gabbaramu akka ta’e nan amana, garuu wantoota Isaan ala jiran irraa

gabbarrii (ibaada) hin dhabamsiisu” yoo jedhe, namni kuni nama Rabbiin

Tokkichoomsu hin ta’u. Kana irra, mushrika ta’a57.

Guduunfaa

➦ Ibaada jechuun akkaataa shari’aan Rabbii itti dhufeen hojiiwwan Inni itti

ajajee hojjachuu fi hojiwwan Inni dhoowwe dhiisun Jaalalaa fi ol guddisuun

57 Sharih Usuulul Sitatti- Abdurazzaaq bin AbdulMuhsin al-Badri

Page 64: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 64

Rabbiif of gadi xiqqeessudha. Namni dhugaan Rabbiin gabbaru nama Isaaf

gadi of xiqqeessu, Isa jaallatuu fi Ol-guddisuu (garmalee kabajuu)dha.

➦ Rabbiin subhaanahu wa ta’aala Ol-Guddisuun (ta’aziim), garmalee

jaallachuun, Isaaf of gadi qabuu fi of xiqqeessun dhuka yookiin hundee

ibaadati.

➦Hojiin ibaada hojii gaggaarii kamiyyuu Rabbiin subhaanahu wa ta’aala

jaallatudha. Hojiiwwan gaggaariin Rabbiin biratti fudhatama argachuu fi

namni hojii kanaan badhaafamuuf, ulaagaalee sadii guutuu qaba.

1ffaa- iimaanni qalbii isaa keessa jiraachu. Kana jechuun Rabbitti amanu,

Malaaykota Isaatti, Kitaabban Isaatt, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Aakhiraatti

fi Qadaratti amanuudha58.

2ffaa- Yommuu hojii hojjatan ikhlaasa qabaachu.

3ffaa- Akkaataa shari’aan ajajeen hojicha hojjachuu. Namni kanniin sadan

guutuun hojii gaarii yoo hojjate hojiin isaa hojii fudhatamu argatu ta’a. Hojii

isaatiif mindaa guddaa argata

➦ Ikhlaasa jechuun Jaalala Rabbii barbaadun hojii gaarii tokko hojjachuudha.

Jecha biraatin ikhlaasa jechuun hojii gaarii shirkii guddaa fi xiqqaa irraa

qulqulleessudha.

➦ Namni hojii ibaadaa hojjatu keessatti niyyaa ofii Rabbiitti dhiyaachu

qofaaf yoo qulqulleesse inni mukhlis (nama ikhlaasa qabu) jedhama. Namni

kuni hojii ibaada hojjatu keessatti na argaa (riyaa), na dhagahaa, na jajaa,

maallaqa, dubartii fi kkf hin barbaadu. Kaayyoon isaa jaalala Rabbii argachuu

fi Aakhiratti mindaa guddaan milkaa’ufi.

➦ Akkuma aannan yommuu gur’uu keessaa bahu makaa akka dhiigaa fi

wanta xuraawa irraa waan qulqullaa’ef aannan qulqulluu (labanun khaalis)

jedhamu hojiin gaariinis makaa akka shirkii, na argaa, na dhagayaa, na jajaa,

of-dinqisifachuu fi kkf irraa yoo qulqullaa’e hojii qulqullu (Khaalis) jedhama.

Kanaafu, namni Guyyaa Murtii mindaa Guddaan milkaa’uf hojii isaa akka

aannanii makaa irraa qulqulluu gochuuf tattaafachu qaba.

➦ Kanaafi, namoonni hojii isaanii makaa irraa qulqulleessan Aakhiratti

dhugaatin isaanii aannan qulqulluu, damma qulqulluu, bishaan qulqulluu fi

farshoo adii nama hin macheessine qulqulluu ta’aaf. Al jazaa’u min jiinsil

58 Guduunfaa iimaana barruu tana irraa ilaalun ni danda’ama: https://www.sammubani.com/2019/01/20/guduunfaa-iimaanaa/

Page 65: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

| 65

amali (Mindaan gosa hojiitin). Namni hojii isaa qulqulleesse mindaa guddaa fi

qulqulluu ta’e argata.

Wa aakhiru da’awaanaa anilhamdulillahi Rabbiil aalamiin

Jibriil Abdallaa -itti gaafatamaa fi barreessaa websaayitoota fi fuula fesbuuki

Page 66: 1 Kaayyoo Jireenyi Tuni fi Ilmi Namaa itti Uumamaniif...Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi

66

Qunnamtiif:

Website: www.sammubani.com

Wordpress: https://sammubani.wordpress.com/ Facebook: https://www.facebook.com/jireenyabadhaatu/

Email: [email protected]