new sirnoota darbaniifi aadaa uummata...
Post on 26-Oct-2020
56 Views
Preview:
TRANSCRIPT
1
Sirnoota Darbaniifi Aadaa Uummata Oromoo
Oromoon Saboota Gaanfa Afiriikaa jiraatan keessaa Saba heddummina qabu, dachee uumamaan
baayyee badhaate, qabuufi uumamumaa isaatiin gaaddisa qabeessa, ulfaaataa Saba ta’edha.
Oromoon afaan, aadaa, afoolota adda addaa , sirna waaqeffannaa, safuufi safeeffii, akkaataa
Uffannaa, Soorataa ykn nyaataa gosa adda addaa qaba. Oromoon kabajaafi sodaa waaqaatiin
waan jiraatuuf jireenya waliinii keessatti waanneen raawwatu hundaa gaaddisa aadaa jelatti
ilaala. Wal kabajuun hangafummaa eegee jiraachuun sadarkaalee hawwaasaa hundaatti bakka
guddaa waan qabudha
Haata’u malee, Oromoon bifa kanan nagaadhaan jirachuu hin dandeenye. Dachee badhatuun
Oromoo irree garee bittoota qubattoota Minilikiin unkuramuu eegalte. Loltootni gita bittootaa
kun meeshaa waraanaa bifa deggresaan Mootummaa Awurooppaa irraa argataniin Uummata
naga qe’ee isaa jiraatu jeequudhaan tasgabbii dhowwatan. Aadaa boonsaa uummatni ittii jiraatu
meeshaadhaan irra eejjetan, gadidhiitan, afaan Sabichaa mallattoo eenyummaa isaa ta’e cabsanii
balleessuuf waraana banan. Fincila kana keessattis wareegama hedduu seenaan hin irraanfatnetu
kaffalame.
Siidaan Yaadannoo wareegamtoota Calanqoo kun cunqursaan Lammata deebi’uu akka
hindande enyetti yaadfamee kan hojjetamedha.
Qabsoo Oromoon biyya isaa keessatti mirga isaaf taasisaa ture sana isa dhumaaf cabsuuf
tarkaanfii suukanneessaa; dhiira Oromoo kolaasuufi Haawwan Oromoo harmaafi Harka irraa
muruu raawwaqte. Haala kanaan Miniliki sirna bulchiinsa isaa diriirsee ergamtoota isaa biyya
Oromoo keessa qubachiisee afaan Oromoofi aadaa Oromoo balleessuuf afaan kan ofii isaanii
akka baratan dirqamasiise. Oromoon garuu, aadaa isaas ta’e afaan isaa jiruufi jireenya guyyaa
2
guyyaa isaa keessatti kunuunsee hanga kufaatii Mootummaa abbaa irreetti (1983) turfachuu
danda’ee jira.
Ummanni Oromoo aadaa, seenaafi afaan isaa akka hin guddanneefi ifatti bahee akka hin
beekkamneef sirnoota gita bittaa darban keessa hacuuccaafi gidiraan adda addaa irratti
gaggeeffamaa turee jira. Kana irraa ka’ees seenaan saboota Addunyaa baay’een yemmuu
barreeffamu, kan ummata Oromoo garuu, akka hin barreeffamneefi awwaallamee akka hafu
taasifamaa turee jira. Kan barreeffames yoo jiraate seenaafi dhugaa jiru karaa muli’suu
danda'uun osoo hin taanee, irra jali’famee karaa seenaafi aadaa Uummata Oromoo gadi
qabuuniifi akkaataa gita bittootaaf tolutti qindaa'ee kan barreeffame dha. Uummanni Oromoo
kana ofirraa qolachuuf jecha wareegama kana hin jedhamne kaffalee walabummaa har’aa kanaaf
bu’uura kaa’ee darbe.
Galmaa Abbaa Gadaa Madda Walaabuu
Akkuma seenaan isaa jal’ifamee karaa fedhii gita bittootaa guutuu danda’uun barreeffametti,
afaan saba bal’aa kan tahe Afaan Oromoos akka hin guddanne taasifamee jira. Afaan Oromoo
afaan saba bal’aa ta’us akka hin guddanne Afaan barnootaa, Afaan hojii, sab-qunnamtii walumaa
galatti Afaan barreeffamaa, Saayinsiifi teeknolojii akka hin taane daangeeffamee turuun isaa
ragaaleen qabatamaa ta’an hedduun ni ibsu.
Qabsoo hadhaawaa Ummanni Oromoo sabaafi sablammoota biyya keenyaa waliin tahuun
gaggeessummaafi hooggantummaa Dh.D.U.O/ADWUItiin sirni gita bittaafi cunqursaa tahe kun
karaa lammata deebi’ee ka’uu hin dandeenyeen akka awwaallamu erga ta’ee booda,
3
Dh.D.U.O/ADWUI kaayyoo qabsaa’eef keessaa tokko kan tahe, mirgi sabaafi sablammootaa
heera Mootummaatiin waan mirkanaa’ef Sabaafi Sablammootni biyyaattii keessa jiran hundiinuu
seenaa Aadaafi Afaan isaanii guddifachuun mirga isaanii ta’ee jira. Gaaffiifi dheebuu Ummata
Oromoo kan ta’e gaaffiin eenyummaa isaas guutummatti akka deebii argatu ta’ee jira.
Giddu galli Aadaa Oromoo Bakka Dur Uummanni Oromoo Masqala itti gubaa turetti
deebi’ee ijaaramuun isaa injifannoo qabsoo Dh.D.U.On Uummata Oromoo waliin ta’uun
adeemsise keessaa isa tokkodha.
Bu’uruma kanaan, Dh.D.U.Ofi Mootummaan naannoo Oromiyaa isaan gaggeeffamu Aadaa,
Seenaafi Afaan Oromoo guddisuuf tarkaanfii seenaa qabeessa ta’e fudhachuun, Biiroo Aadaafi
Tuurizimii Oromiyaa bara 1985 hundeessuun Aadaan ummata Oromoo ifa akka ba’u seenaa,
Afaan, Aartiifi Hambaaleen Uummatichaa akka qoratamuufi guddatee faayidaa hawasaaf akka
oolu kan taasifame yoo ta’u gama kanaan hojiileen armaan gadii hojjetamanii jiru. Dh.D.U.O.n
afaan Uummata Oromoo guddisuudhaaf kutannoo qabuufi aantummaa Uummatummaa qabu
irraa ka’ee afaan Oromoo akka guddatuufi gabbatuuf hojiilee boonsaafi ajaayisiisaa ta’ee
hojjetaa turee jira. ammas yoo ta’e bu’aa walxaxaa baroota Birokiraasii kan ta’e saaphana kiraa
Sassaabbiifi Maxxantummaa nu faanaa hafuu didan cicciruuf Uummata isaa waliin kan nyeroo
kamii caalaa hojjechaa jira.
4
Yaadannoon Wareegamtoota Aannolee kun Dangaa Cunqursaati.
Afaan Oromoo Afaan hojii barnootaafi Sab-qunnamtii akka ta’u jalqaba irratti bara 1986 baajata
gahaa ta’e pirojaktiidhaan ramaduun qorannoo bal’aan akka irratti gaggeeffamu taasisee jira.
Osoo kanaan daangeffamee hin hafin, afaan Oromoo guddisuufi afaan Saayinsiifi Teeknolojii
taasisuuf qorannoon bal’inaan itti fufee akka gaggeeffamu taasifaqmee bu’aan hedduun gama
kanaan galmaa’ee jira.
Oromiyaan qabeenya aadaafi qabeenya uumamaatiin badhaatuu dha. qabeenyota kana
waggoottan kurnan lamaan darban keessatti qorachuu, misoomsudhaaf tattaaffii taasifameen
ummanni Oromoo mirga Afaan, Aadaa, Seenaafi Artii isaa akka guddifachuu danda'uuf heera
Mootummaatiin gonfate qabatamaan dhandhamachuu eegalee jira.
Haaluma kanaanis Afoola Oromoo akaakuu adda addaarrattii qorannoo gaggeessuun jildiidhaan
walitti qabuun qindeessuun hanga bara 2007tti 440 jildaa’ee jira. Bu’aalee qorannoo Afaan
Oromoo ta’an akaakuu 36 0l maxxans iisuudhaan Uummataaf akka raabsaman gochuun
danda'ameera.
5
Kitaabotni kunniin Qophaa’anii Manneen Barnootaa Oromiyaaf akka Raabsamaniif
BBOn fudhatee jira.
Artii Uummata Oromoo Guddisuudhaaf tattaaffiin taasifame,
Artiin Daawwitii jireenya hawaasaati. Hojiin Artii ilaalcha hawaasa qaruudhaan hawaasni
ilaalcha Sabboonummaa Dimokraatawaa qabaachudhaan guddina Misoomaa, Ijaarsa Sirna
Dimokraasiifi Nageenya Naannoofi Biyya keenyaa mirkaneessu keessatti gahee bakka buutee
hin qabne kan taphatuu dha.
Artiin dameewwan gurguddoo afur kanneen akka Muziqaa, Og-barruu, Fakkiifi Boca kan of
keessaa qabu yoo tahu, dameewwan Artii Uummata Oromoo kunneen Sirnoota darban keessa
akka hin guddanneef dhiibbaan adda addaa irra turee jira. Kanas fooyyessuufi baballisuuf jecha
bara 2007 keessa Artistoota Oromoo kanneen gurguddoo ta’an dabalatee leenjii dheeraa
kennuufiin woldaan akka ijaaramaniifi hojiitti akka galan ta’ee jira.
Aadaan Madda Bu’aa Dinagdee Taasisuuf Hojii Hojjetame.
Yeroo ammaa ilaalchii adunyaan aadaa irratti qabdu fooyy’aa jijjiiramaa dhufaa jira. Aadaan
madda bu’aa hawaasaa qofa osoo hin taane madda bu’aa dinagdees ta’uun yeroo kamiyyuu
caalaa hubatamee jira. Dhaabbilee aadaatiif abbaa kan ta’an kanneen akka Dhaabbata Barnoota
Saayinsiifi Aadaa Addunyaalessaa (UNESCO) fi Komishiiniin Misooma Aadaa Adunyaa (UN
CCD) aadaan humna misoomaa ittifuunsaa ta’uun isaa hubatamee gudinnaafi misooma isaatiif
xiyyeefannoon akka kennamu biyyootaafi hawaasa adunyaa kakkaasaa jiran.
6
Me’ee Bokkootti Wal Harkaa Fuudhinsa Baallii Guraandhala 2008 Raawwate.
Haaluma kanaan UNESCON akka L.Awrooppaatti bara 1982- 2005 jidduutti qofa kora addunyaa
gurguddaa (international conferences, conventions, general assambelies) 8 oli ta’an
gaggeessuudhaan dhimmoota xiyyeefannoo aadaa cimsuu danda'an (cultural advocacy) irratti
hojjeteera, murteewwaniifi qabxiilee immaamata heddu dabarseera.
Hambaalee aadaafi qabeenya uumamaa Oromiyaan qabdu Addunyaaf beeksisuuf hojii
hojjetameen; Malkaa Qunxuree, Dirree Sheek-Huseen, Holqa Sof–Umaar, Paarkii biyoolessaa
Baalee, Sirna Gadaa Oromoo galmee yeroo irratti (Tentative List) keessatti yoo galmaa’an
galmee dhaabbataa irratti galmeesisuuf hojiin adda addaa hojjetamaa jira. Hojiin gama biiroo
Keenyaan jiru xumuramee gara ATEHF darbee jira.
UNESCON aadaan humna misoomaa itti fufiinsa qabu ta’uu isaa, galiifi carraa hojii
uumuudhaan madda dinagdee ta’uu isaa, madda walitti dhiheenya uummatooaafi tasgabbii,
humna eegumsa naannoofi qabeenya uumamaa, madda barumsaafi guddina ogummaafi kkf
hedduu irratti gahee murteessaa ta’e akka gumaachuu jala muree ejjannoo qabatee jira. Hojiilee
Dhaabbata Barnoota Saayinsiifi Aadaa Addunyaalessaa (UNESCON) akka addunyaatti hojjetu
kana keessaatti biyyi keenya darbees naannoon keenyas yeroo ammaa fayyadamaa ta’saa jirti.
7
Bu’aa Aadaan Hawaasummaaf Gumaachu
Beekkamtii UNESCOn seektara aadaaf kenne muldhata kaa’e keessaa inni guddaan lammaffaan
aadaan humanaafi madda bu’aa hawaasummaa ykn ittiiquufinsa ayyaddaa (spiritual satisfaction)
ta’u isaa hubachuun deeggaruu dha
A. Aadaan Madda Walta’insaafi Tasgabbii HawaasaA Ta’uu Isaa.
Addaa addummaa aadaa (diversity) keessatti aadaa walii baruun, walkabajuun, kabaja sirnoota
aadaa waliin gaggeesuu, rakkoo garaa garummaa isaanii jidduutti uumame ittiin furuun madda
nageenyaafi tasgabbii ittiin mirkaneessuuf kan oolu dha.
B. Eenyummaan Hawaasichaa Aadaan ibsama.
Kana jechuunis eenyummaan hawaasa tokkoo afaan, afoola, ogubarruu, hojiiwwan/agarsiisa
artii, sirnoota aadaa gara garaa, gochaalee haalli jireenya isaafi ittiin bulmaataa isaa ittiin ibsamu
jechuu dha.
8
C. Aadaan Madda Kabaja Eenyummaafi Qabeenyaati.
Hawaasni tokko eenyummaa isaafi qabeenya aadaa isaa irratti abbummaan itti dhaga’mee ittiin
ni bona, ni gammada, abdii ni horata, ni quuqamaaf.
D. Aadaan Madda Walqixummaati.
Aadaan mirga walqixummaan ykn mirga ilama namaa ni kabachiisa, waliin fayyadamuun waliin
guddachuu (equality and equity) ni mirkaneesisa. kunis walii wajjin amantaan jiraachuufi
sammuu wal qixxummaatiin misooma irratti bobbaane galma ga’iinsa haaromsa keenyaa
saffisiisuuf gumaacha olaanaa qaba.
9
E. Aadaan Madda Barumsaafi Odeefannooti. (education and communication value)
Hambleen qabatamaafi qabatamaa hin taane haala seenaa isaaniin ykn haala ijaarsaa tolcha
harkaa (aesthetic and artistic value) madda barumsaafi odeeffannoo kan dhalootnii irraa baratu,
madda qorannoofi qo’annoo akkasumas kan artistooni yaada hojii uumee isaanii ittiin
burqisiifatan ta’uudhaan faayidaa hawaasummaa ni qaba.
10
Kitaabileen BATOdhaan Qophaa’anii BBOof kennaman (2008)
F. Madda Bashananaafi Ittiquufiinsa Uummataati.
Hawaasichi agarsiisa aadaa isaatti ni gammada, burqaa Seenaa, qabeenya aadaa isaa calaqiisu
ijaan arguun ittiin ni boona, ni gammada, ilaalchi hawaasichi misoomaaf kunuusa hambaafi
aadaa ofiitiif qabu ni fooyya’a, Seenaafi aadaa dhalootatti dabarsuuf ni gumaacha.
11
G. Qabeenyi Aadaa Misoomee Dhalootaaf Dabarsuu keessatti Ga’ee Aadaan Qabu.
Akkuma beekkamutti aadaa kessatti barmaatiileen miidhaa geessisan akka jiran beekkamaa dha.
Barmaatilee miidhaa geessisan kana keessaa gatuun akkuma jirutti ta’ee, hambaaleen aadaa
qabatamaafi qabatamaa hin taane kan akka Sirna Gadaa, Ayyana Irreechaa, akka baballatan,
eegamaniifi kunuunfaman ni taasisa, keessattuu, kan badiif saaxilaman akka hin mancaane ykn
jijjiirama adunyaatiin (globalization) akka bifa hin jijjiirranne ykn akka hin liqifamne beekumsa
isaa waliin dhalootaaf ni dabarsa.
Gaara Sannatee(Godina Baaalee)
H. Fuulaa Gaarii Biyyattii Ijaaruu (building national image) Keessattis gahee Aadaa Qabu.
Biyya keenya keessatti sabaafi sablammoota adda addaatu jira. Sabaafi sablamoota biyya kana
keessatti argaman keessaa ammoo sabni Oromoo isa tokkoofi saba guddaa Aadaa, Seenaafi
Afaan mataa isaa qabuu dha. Hambaaleewwan Uumamaafi nam tolchee ta’anii naannicha
keessatti argaman hawwata turizimiitiif oolan hedduun ni jiru. Hanbaalee kana ilaaludhaan
turistiin kan itti gammadu qofaa osoo hin taane, carraa kanaan seenaa, aadaafi artii
uummatichaas ilaaluun haala uummatichaa gutummaatti hubachuudhaaf carraa ni argata. Kana
faana, wal qabatee tajaajila argachuudhaaf dhufe guutummaatti yeroo argatus iitti quufiinsa
(customer satisfaction) isaa ni dabala, wanta gaarii argachuu isaa kanaaf dhugaafi misooma lafa
12
irra jiru kana ilaalee bashannanuu bira darbee, Naannoon/ biyyi keenya naannoo/biyya seenaafi
aadaa boonsaa qabdu kan addunyaanis irraa barachuufi fudhachuu qabu akka jiru ni hubata .kun
ammo, fuula gaarii Naannoofi biyya keenyaa ijaaruu keessatti gahee bakka buutee hin qabne
qaba.
I. Aadaan Eegumsa Naannoofi Kunuusa Qabeenya Uumamaf ni Gumaacha.
Jiruufi jireenyi Uummata keenyaa qabeenya Uumamaa wajjin walitti hidhatiinsa guddaa
akka qabu beekkamaadha. Kana irraa ka’ee Uummanni Oromoo ilaalchi inni qabeenya
Uumamaatiif qabu iddoo guddaa kan qabu ta’a.
Qabeenyi Uumammaa akka hin maNcaaneef eeguu, kunuunsuufi karaa wal madaaleen waliin
jiraachuudhaaf aadaafi beekumsa mataa isaa qaba. Akka naannoo keenyaattii waggoottan
shanan darban kana keessatti qabeenya uumamaa manca'e iddootti deebisuudhaafi kanneen
jiranis kunuunsudhaaf faayidaa isaa irra olfatee dhaloota itti aanuufis dabarsuudhaaf tumsi
taasifamaa tureefi bu'aan qabatamaadhaan yeroo ammaa kana mul'achaa jirus qaamuma
kanaa ta’ee kan ilaallamuudha. kanaaf aadaan keenya eegumsa naannoofi kunuunsa
qabeenya Uumammaa keessatti gahee guddaa akka qabu hubachuun rakkisaa miti. Beekumsi
dhaloota darbe irraa dhaalamee dhaloota dhufuuf darbuu qabu kuniifi hawaasa keessa jiru
kuni kunuunfamuufi dhaloota itti aanuuf darbuu qaba. Cammasaan 20 guyyaa jijjiiramaafi
guddina dingdeeti yoo jedhame kan itti guddatumiti. Sababiin isaas, kan amma agarru
jijjiiramni isumaan ta;e waan ta’eef.
top related