aqiidaa ulamaa’ii teenyaa -...

139

Upload: others

Post on 10-Oct-2019

22 views

Category:

Documents


1 download

TRANSCRIPT

Page 1: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi
Page 2: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

AqiidAA UlAmAA’ii

Teenyaa

Qophii:

Urjii Ahmad

Email: [email protected]

Facebook Peejii: https://www.facebook.com/urjii.ahmad

Twitter: https://twitter.com/UrjiiAhmad

Page 3: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

i

Baafata

Baafata kitaabaa Baafata kitaabaa ...................................................................... i

Seensa ................................................................................... 1

Hubachiisa ........................................................................... 4

Galata ................................................................................... 4

Aqiidaan Maali? ................................................................ 5

Aqiidaan Shakkii hin qabduu. ........................ 7

Aqiidaan tan Haqaatii fii ta dharaatu jira. . 8

Ulamaa’oonni keenya Aqiidaa tamirra jiran? ........11

Ibaadaa Isaan biratti. .....................................13

Utubaa Ibaadaa ..............................................14

Gosa Ibaadaa ..................................................15

Maqaa fii Sifa Rabbii keeysatti Aqiida

Ulamaa’oota keenyaa. .................................................19

Rabbiin Arshiirratti ol tahuu. ..........................19

Rabbiin gabarran Isaa wajjiin jiraachuu. ..27

Sifa gad bu’uu. .................................................30

Sifa Dubbachuutii fii Quraanni jecha Rabbii

tahuu. ..........................................................................33

Sifa Harkaa.........................................................36

Page 4: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

ii

Malaaykootatti amanuu. ..............................................39

Kitaabban Rabbiitti amanuu. ......................................40

Ergamtoota Rabbiitti amanuu. ....................................41

Guyyaa Qiyaamaatti amanu ......................................43

Qadaratti Amanu. ...........................................................45

Waan gheeybii kan itti amanuun dirqamaa. ..........45

Israa fii Mi’iraaja ...............................................45

Mallattoo Qiyaamaa: .....................................46

Sahaaboota Rasuulaa s.a.w ........................................46

Imaana ...............................................................................48

Seenaa Ulamaa’oota keenyaa .......................................50

Sheekh Ahmad Watar ....................................................52

Sheekh Muhammad Amiin Al-Karroo ........................60

Sheekh Aadam Tuulaa ...................................................68

Abdullaahi Tuqoo ............................................................76

Sheekh Muhammad Amaan Alii Jaamii ...................80

Sheekh Muhammad Rashaad .....................................90

Sheekh Haaji Yuusuf Ciroo ..........................................103

Sheekh Aadam Caffee ................................................112

Dr. Abdushakuur Muhammad ...................................119

Sheekh Muusaa Su’aalaa ...........................................124

Page 5: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

iii

Xumura..............................................................................129

Madda barruu tanaa: ..........................................................131

Page 6: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

iv

Page 7: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

1

Seensa

Maqaa Rabbiitin Eegala. Nagayaa fii faaruun

Nabi Muhamamd s.a.w irratti haa jiraattu.

Aqiidaan irra caalaa waan Muslimni itti

xiyyeefatuu qabuu fii baruun Isarratti

dirqamaati. Namni Aqiidaa hin beeyne Rabbii

Isaa hin beeku, Ergamaa Isaa s.a.w hin beeku,

Karaa qajeelaa fii karaa jallinaa adda hin

beeku. Wanni kana hunda adda namaaf

baasu Aqiidaa baruudha.

Aqiidaa yoo ni baranna jenne ammoo

Ulamaa’iitti haajamna. Kanaaf Ulamaa’ii

teenyas beekuun barbaachiisaadha.

Eenyurraa amantii fudhanna? Eenyurraa hin

fudhanne? Ulamaa’ii teenya yoo beekuu

baanne, Warri hin beekkamne dhufee anaatu

Ulamaa’ii teeysan nuun jechuutu mala, Inumaa

jechaati jiran.

Ahbaashii amantiin je’amtu Aqiidaa teenya

qofa balleeysuuf hin dhufne, Ulamaa’oota

keenyas balleeysuuf dhufan. Warra falsafaa

Isaanii hordofu kan Libaanoosii fidatan san

Ulamaa’ii teenya godhanii nu fudhachiisuuf,

Page 8: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

2

Ulamaa’ii teenya maqaa xureeysuu fii tan

Isaanii faarsuun mala Isaan itti jiran.

Ulamaa’ii teenya yoo nuti sadarkaa Isaanii

beeynee, beekkumsa Isaanii irraa baratuu fii

karaa ammayyaatiin irraa waraabuun yoo

hambisuu baanne warri falsafaa nu dhaaluuf

karaa argata.

Ana malee Ulamaa’iin hin jiru jechuutti

dhihaata. Ammas jechaati jiran.

Kanaaf jecha “onnee dhaban sombaatu

nama duta” je’ee anis waanin hin dandeenye

itti seene. Ahbaashii Ulamaa’ii teenya arrabsitu

arge, tan Jaahiloota Isaanii faarsitu arge, Ani

akkamittin Ulamaa’ii teenyarraa xiqqollee

taatu hin deebifne jechuun natti dhagayamte.

Akkasitti Seenaa Isaanii xiqqo xiqqo waanuman

dhagaye walitti qabuuf Niyyadhee itti seene.

Dogongora hedduu qabaachuun kiyya ni

mala, Ahbaashii Ulamaa’ii teenya arrabsitu

dogongora sodaaf jalaa hin callisu jechuunin

bahara daakee keeysaa bahuu hin

dandeenye kanatti seene.

Page 9: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

3

Badii fii dogongora argitan na gorfachuu fii

haqa na garsiiuun ammoo dirqama

Obbolummaa Islaamaati. Anis Qeebalee itti

qajeeluuf qophiidha.

Kunoo Aqiidaa fii Seenaan Ulamaa’ii teenyaa

amma si harka jira. Xiqqaattu guddifadhuu

keeysa babahii, Kheeyrii gartu fudhu,

Dogongora na beeysisi, Aqiidaa tanaan

Ahbaashii dhawii. Ulamaa’ii teenya dhaqii

Ziyaarii, kabajii, beekkumsa Isaanii irraa fuudhi.

Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun

anumaa fi si eeggatti beeki.

Yaamichi kiyya Isin hundaaf: Ulamaa’iin teenya

Amma Osoo lubbuun jiranii, waan Isaan

barsiisan jalaa waraabuu, seenaa Isaanii akka

kataban Isaan jajjabeeysuu fii Nutis waan Isaan

dubbatan jalaa katabuun dhaloota dhufu

Aqiidaa Isaa haa tiysinu.

Nagayaa fii Rahmanni Nabi Muhammad s.a.w

irratti haa jiraatu.

Urjii Ahmad

Shaaban 26, 1435 Hijira ykn June 24, 2014

Page 10: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

4

Hubachiisa Kitaaba kana abbaan fedhe copy godhuu,

Maxxansuu fii Raabsuu ni dandaha.

Gama Intarneetiin guutuu kitaaba kanaa tahee,

muraasa Isaa facaasuun ni hayyamama. Garuu

Maqaa kiyyaa fii Maqaa kitaabaa jijjiruun ammoo

Gheshii ykn ganinsa je’ama.

Rabbi warra ganu hin jaalatu.

Galata Galanni kan Rabbiiti. Garuu namni namaaf galata

hin galchine, Rabbiifis galata hin galchu jechuutu

jira.

Ulamaa’oota keenya warra rakkatee baratee nu

barsiise galanni keessan Jannatal firdoos haa tahu.

Obboleeysa kiyya kan footoo fuula dura (Cover)

naaf tolche, Seeyful Islaam Rabbi galata keee

Jannata haa godhu.

Obboleeyyan kiyya kanneen Footoo

Ulamaa’ootaa, Seenaa Isaanirraa waan beeytan

naaf hiraa turtan, Galannai keeysan Jannata haa

tahu. Akkasumas Obboleeyyan osoo wal hin

beeyne Rabbiif jecha Yaada gaggaarii gama

facebook irratti naaf kennaa turtan hunda keessan,

Rabbii milkii adunyaa fii akhiiraa Isiniif haa kennu.

Page 11: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

5

Aqiidaan Maali? Aqiidaan hundee jecha Afaan Arabaa Aq’d

ykn Aqada jedhurraa dhufte.

Hidhuu fii Jabeeysuu jechuudha hikkaan

Afaanii.

Gama Amantiitiin hiikan Aqiidaa hoggaa je’an

wanni itti fedhamu waan namni shakkii malee,

qalbii guutuun itti amanu jechuudha. Amantii

shakkiin keeysa hin dhufne tahuu Isiiti.

Aqiidaan Yaada Qalbiin itti murattee amantu.1

Shari’aa Islaamaatti Aqiidaan waan Qalbiin itti

amanani, Murtii sammuun itti amanuun

dirqamaati.

Hundeen Aqiidaa tan itti amanuun dirqamaa

tan Rabbiin Quraanaatti dubbatee fii tan

Rasuularraa s.a.w hadiisaan sabatte qofa.

Utubaa Aqiidaan Islaamaa irratti dhaabbattu

Rabbiin hoggaa ibsu akkana je’e:

1 . Sharhu Aqiidatil Waasixiyyaa Sheekh Useeymin: 34

Page 12: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

6

نزل إله من أ وملئكتهۦ ءامن ٱلرسول بما ب هۦ وٱلمؤمنون ك ءامن بٱلل ر

طعنا غفرانك ربنا ن رسلهۦ وقالوا سمعنا وأ حد م

ق بي أ وكتبهۦ ورسلهۦ ل نفر

٢٨٥إولك ٱلمصري

“Rasuulli amanee waan Rabbii Isaatirraa gama

Isaatti buufametti, Mu’mintoonnis (amanan).

Hundi Allaahatti amane, Malaaykoota Isaatti,

Kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti. (Isaan ni

je’an), gargara hin baafnu jidduu tokkoo

Ergamtoota Isaa, ammas ni je’an, Dhageenye,

Qeeballe (ee jennee fudhanne). Araarama

kee barbaanna Yaa Rabbii keenya, Gama

keeti deebiin (waa hundaa).”2

Rabbiin Aayata tana keeysatti Arkaana

Iimaanaa kan itti amanuun nama hundarratti

dirqamaa ibsee jira. Aqiidaan haqaa

utubaalee Imaanaa kana Amanuurratti gad

dhaabbatti.

Akkasuma Rasuulli s.a.w Hadiisa Jibriil gaafii

Isaaf dhiheeysee Nabiyyiin deebisu keeysatti

Utubaa Aqiidaa Muslimaa kan tahe Arkaana

Iimaana Ibsee jira.

2 . Al-Baqaraah: 285

Page 13: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

7

Deebii Jibriiliif deebise keeysatti “Iimaana

Jechuun: Allaahatti Amanuu, Malaaykoota

Isaatti, Kitaabban Isaatti amanuu, Ergamtoota

Isaatti amanuu, Guyyaa irraa boodaatti

(du’aanii kaafamutti) amanuu, fii Qadaratti

amanuudha” jechuun ibse.

Kanaaf Aqiidaan Muslimaa waan Rabbii fi

Rasuulli s.a.w itti amanuun dirqama jedhan

kana qalbiin itti murattee shakkii malee

amanuu irratti jaaramati.

Waan Rabbii fii Rasuularraa s.a.w dhufe hunda

guutumaan guututti amanuutu Aqiidaa

Islaamaa jedhama.

Aqiidaan Shakkii hin qabduu.

Aqiidaa jechuun amantii shakkiin malee onnee

guutuun amanani. Aqiidaa je’amuuf amantii itti

muratan tahuu qabdi. Yoo shakkiin itti dhufte

Aqiidaa osoo hin taane, seete ykn shakkii taati.

Rabbiin mu’mintoota Amantii Isaanii hoggaa

ibsu warra eega amane shakkii keeysa hin

seenne jechuun Isaan ibsa.

Rabbiin akkana je’e:

Page 14: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

8

ورسولۦ ثم لم يرتابوا ين ءامنوا بٱلل إنما ٱلمؤمنون ٱل

“Mu’mintoonni warra Allaaha fii Ergamaa

Isaatti amane qofa, Kan eegasii hin shakkine.”3

Kanaaf Aqiidaan Shakkii waan je’amu

takkalleen irra hin dhuftu jechuudha, warra

Aqiidaa san qabu biratti.

Aqiidaan waan hin argin (gheeybii) amanuu if

keessaa qabdi. Utubaan Aqiidaa Rabbitti

amanuun eegala, Rabbi hin agarre itti

amanuun dirqama, Malaaykaa hin agarre itti

amnuun dirqaman, Guyyaa qiyaamaa hin

agarre itti amanuun dirqama, Kanaa fii waan

kana fakkaatu kan Rabbii fii Rasuularraa s.a.w

nutti dhufe hunda Shakkii malee itti amanuun

dirqama.

Aqiidaan tan Haqaatii fii ta dharaatu jira.

Ilmi namaa wanni qalbiin itti muratee shakkii

malee amanu Aqiidaadha.

Kanaaf Aqiidaan tan Haqaa takkitti qofaa miti,

Ilmi namaa Aqiidaan Isaa lamarraa takka

tahuun hafa hin qabu.

3 . Al-Hujuraat: 15

Page 15: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

9

Sunis:

Aqiidaa haqaa: Suni Aqiida Islaamaa tan

Rabbiin Ergamtoota maraan erge. Isiin

takkittiidha. Rabbiin eega Ilmaan namaa

uumee hanga guyyaa qiyaamaatti, Aqiidaa

haqaa takkitti saniin nama Isa qunnamu

qofarraa qeebala, sanumaan Ergamtoota

hunda erge.

Aqiidaa Dharaa: tuni Aqiidaa ilmi namaa karaa

Rabbirraa goree ifiif uume ykn Sheeyxaanni

uumeefii Isaan itti amanan jechuudha.

Waan dharaa san qalbiin Isaanii itti muratteeti

jala deeman. Kiristaanaa fii Yahuudaan

Aqiidaa dharaarra jiran, Garuu shakki malee

dhara sanitti muratanii amanan.

Rabbiin ilmoo qaba jechuun kiristaana biratti

Aqiidaadha. Aqiidaa tana Isaan shakki malee

itti amanan.

Warri Waaqeeyfataa lagaa fii Muka adda

addaa guddisuu fii barakaa qaba je’anii itti

amanuun aqiidaa Isaaniiti. Aqiidaan sun Isaan

biratti Shakkii hin qabdu, hanga Haqa Rabbi

Isaan garsiisuu.

Page 16: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

10

Amantiin Budii (Budist) Dhagaarraa Waaqa

tolfatanii itti amanan, waan ifiif tolchan san

akka balaa Isaanirraa deebisuu fii waan gaarii

Isaaniif fiduu dandahu godhanii shakkii malee

itti amanan. Haalli warra dharaa hundi

akkanuma, Waan irra jiran san shakkii malee

qalbiin Isaanii fudhattee jirti. Suni Aqiidaa

Isaaniti je’ama.

Ahbaashiin Qabrii Awliyaa ykn warra gaggaarii

dhaqanii irratti qalanii Rabbi kadhachuu fii

Isaanuma warra du’e san kadhachuunis balaa

namarraa deebisa, waan gaarii namaa fida

jedhanii itti amanan. Abdullaahi Harariin Namni

du’e yoo kadhatan qabrii bahee haajaa

namaaf fixee qabritti deebi’a jechuu barsiisa.

Warri Isa jala deemu waan kana shakkii malee

itti amanan. Suni Aqiidaa Isaaniiti jechuudha.

Haala kanaan Aqiidaan Namni dharaan itti

amanee jala deemuu fii tan Isiif jecha jiraatu

hedduu lakkaawamtee hin dhumtu.

Aqiidaan haqaa takkittii qofa. Sun Aqiidaa

Islaamaa tan Amabiyoota hundaati.

Page 17: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

11

Ulamaa’oonni keenya Aqiidaa tamirra jiran?

Ulamaa’oonni keenya Aqiidaa takkitti Rabbiin

ilmaan namaatiif file sanirra jiran. Aqiidaa san

barachuuf bu’aa bahii meeqa dabranii

baratan. Isii barsiisuuf rakkoo meeqaatam

arganii irratti obsan.

Aqiidaa Nabiyyiirraa s.a.w Sahaabaan baratte,

tan Sahaabarraa warri Salafootaa baratan, tan

Ulamaa’iin durii hanga arraa osoo waliif

dabarsan nuun geeysan, Suni Aqiidaa

Ahlusunnaa WalJama’aati, Aqiidaan Isaaniiti.

Aqiidaan Isaanii maalii eega beeyte, Ballinaan

waan isaan itti amanan sitti himaa qabadhu.

Aqiidaan Isaanii Arkaana Iimaanaatti

amanuudha.

Utubaa Iimaanaa jahan shakkii malee itti

amanuun Aqiidaa Ulamaa’oota keenyaati.

Utubaan Jahan Imaanaa sunis:

Allaahatti Amanuu, Malaaykootatti Amanuu,

Kitaaboota Rabbiitti amanuu, Ergamtoota

Isaatti amanuu, Guyyaa dhumaa

(Qiyaamaatti) amanuudha, Murtii Rabbii gaarii

fii hamtus amanuudha.

Page 18: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

12

Ulamaa’oonni keenya Arkaana Jahan kana

waan Inni dirqama godhatu hundaa wajjiin

amanan.

Allaahatti amanuu jechuun Isaan biratti:

Gooftummmaa Rabbii amanuu, Gabbaramaa

haqaa tahuu Isaa amanuu, Maqaa fii Sifa Isaan

malte qaba je’anii amanuu if jalaa qaba.

Kanas Towhiida haala sadeen kanaan

amanuun diqama jechuun Ibsan.

Isaanis:

Towhiida Rubuubyyaah: Gooftummaa Rabbii,

kan Uumuu, kan ajjeese, kan Razaqu, Mootii

dachii samii tahuu Isaa amanuudha.

Towhiida kanatti amanuu qoftiin gahaa miti.

Rabbiin na uume, na ajjeesa, na razaqa

jechuun namni amanu hundi Muslima hin

je’amu, Amantiileen lafa kanarra jiran hundi

Rabbiin gooftaa waa hundaa uumee, kan

ajjeesu tahuu ni amanan.

Wanni dirqamaa kan itti dabalamuu qabu

Gabbaramaan haqaa isa malee hin jiru

jechuun amanuudha. Sani gosa qooda

Towhiidaa lammaffaadha taha.

Page 19: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

13

Towhiida Uluuhiyyaah: Haqaan gabbaramaan

Allaaha malee akka hin jirre amanuu, Ibaadaa

hunda Isuma qofaaf godhuu, Isuma qofa

kadhachuu, Isa qofa Sodaachuu, Isa qofaaf

gad if qabu, Isa qofaaf qodhaa qaluu fii k.k.f

hunda Isumaaf godhuudha.

Hikkaan Laa Ilaaha Illallaah Towhiida kanaan

guuttamti.

Towhiida Asmaa wa Sifaat: Kunis maqaa

babbareedaa fii sifa Rabbiin ifiif sabachiise,

akkasuma tan Ergamaan Isaa s.a.w Isaaf

sabachiise Isa qofaaf akka Isaan malutti

sabachiisuun amanuudha.

Maqaalee Rabbii fii Sifoota Rabbii uumaaf

kennuu dhabuudha.

Haala sadeen kanaan Allaahaatti amanuun

Aqiidaa Sahabootarraa dhaalamaa Ulamaa’ii

teenya bira geeyse.

Ibaadaa Isaan biratti.

Ibaadaa jechuun Ulamaa’oota keenya biratti:

Waan Rabbiin jaalatu hunda, dalagaa fii

Page 20: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

14

jecharraa kan mul’atu tahuu, kan hin Mullanne

tahuu.

Ibaadaan Mullattu tan akka Shahaadaa

Afaaniin jechuu, Salaata, Zakaa…

Tan hin mullanne akka Rabbitti amanuu,

Ergamtoota hundatti amanuu, Rabbirraa

kajeeluu, Rabbi sodaachuu…

Utubaa Ibaadaa

Ibaadaan Utubaa lamarratti dhaabbatti, Yoo

lamaan sanirraa tokko hin jiraanne Ibaadaa hin

je’amtu.

1. Ikhlaasa: Rabbi qofaaf dalaguu

jechuudha.

Ibaadaa fuula Rabbi barbaada qofaaf

dalagantu Ibaadaa je’ama, wanni sanii achii

tan galata namarraa itti barbaadan ykn tan

gurra itti barbaadan hundi isii Ibaadaa hin

taatu.

2. Ergamaa Rabbii jala deemuu.

Ibaadaa hunda keeysatti karaa Rasuulli s.a.w

Rabbi ittiin gabbaree fii karaa Inni itti ajaje

qofaan dalagamuu qabdi. Ammoo

beekkumsa malee namni hundi karaa fedheen

Page 21: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

15

Ibaadaan dalaga yoo je’e, sun Bid’aa Rasuulli

s.a.w irraa dinniine taati.

Ibaadaan Utubaa lamaan kana malee

dalagamte hundi Rabbi biratti hin qeebalamtu,

hin Jaalatamtu. Namni Ikhlaasaan Rabbiif

jecha Ibaadaa dalagee, karaa Rasuulli s.a.w

dalageen faalleeyse Bid’aadha jalaa taati, hin

qeebalamtu.

Rasuula s.a.w jala deemee ibaadaa hunda

dalage, garuu Rabbiif jecha Ikhlaasaan hin

daleeyne, tunis Rabbi biratti hin qeebalamtu.

Gosti Ibaadaa hundi seera lamaan kana

malee hin qeebalamtu jechuudha.

Gosa Ibaadaa

Ulamaa’oonni keenya gosa Ibaadaa hunda

Rabbi qofaaf godhuutu dirqama je’anii

amanan, San barsiisan. Rabbi wajjiin kan

ibaadaa haqa godhatu tokkolleen hin jiru. Jinnii

tahuu, Nama tahuu, Malaaykaa tahuu, Muka

tahuu, Dhagaa tahuu, laga tahuu waan

Ibaadarraa tahe tokkolleen haqa hin

godhatan.

Page 22: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

16

Gosoonni Ibaadaa tan Rabbiin itti ajaje

hedduudha.4 Sanirraa:

Arkaana Islaamaa Shanan, Arkaana Imaanaa

Jahan, Arkaana Ihsaanaa, Ammas

Ibaadaaleen biroo ta Rabbi qofaaf tahuu

qabdu, tan akka Du’aaii, Sodaa Rabbii,

Kajeellaa, Tawakkula (Rabbitti Irkatuu), gad if

qabuu, gargaarsa Rabbi qofarraa barbaaduu,

Dirmachuu Rabbi qofarraa barbaaduu

(Istighaasaa), Qaluu fii Rabbi qofaaf qodhaa

godhuu gosoota Ibaadaa irraahi.

Ragaan Ibaadaa Rabbi qofaaf godharratti

qajeelchu Quraanaa fii Hadiisa keeysa

hedduudha.

Sanirraa Rabbiin akkana je’a:

حدا أ فل تدعوا مع ٱلل ن ٱلمسجد لل

١٨وأ

“Masjiddan Allaaha qofaafi; Kanaafuu Hin

yaammatinaa (Hin kadhatinaa ykn hin

gabbarinaa) Allaaha wajjiin tokkollee.”5

4 . Sharhuu Usuul Salaasaa Sheekh Muhammad Amaan Alii Jaamii: fuula 49-65 Ibsa bal’aa ni argattan. 5 . Al-Fajri: 18

Page 23: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

17

Gostii Ibaadaa tan dubbatamte hundi ragaan

Isii Quraanaa fii Hadiisa. Ulamaa’iin teenya

haala kanaan Ibaadaa hunda ragaa Isii wajjiin

ibsanii nu barsiisan.

Du’aa’iin Rabbi qofaaf tahuu qabdi. Ragaan

kanaa jecha Rabbii ol taheeti:

إلها ءاخر ل برهن لۥ بهۦ فإنما حسابهۥ ع هۦ إنهۥ ل ومن يدع مع ٱلل ند رب فرون ١١٧يفلح ٱلك

“Inni Allaaha wajjiin gabbaramaa biroo

yaammate (kadhate), kan ragaan waan sanitti

Isaaf hin jirre, Herregni Isaa Rabbii Isaa biratti

tahaadha. Dhugumatti Kaafirtoonni hin

milkaawan.”6

Allaaha wajjiin waan biroo kadhachaa

Ibaadaan nama hin fayyaddu. Rabbi

kadhachaa waan biroo waan wajjiin

kadhateef eega Ibaadaan Isaa waa takkallee

Isa hin fayyanne, kan Rabbi dhiisee waan biraa

kadhatu daran irra hammaata jechuudha.

Waan biraa Rabbi wajjiin yaammachuun kufrii

akka taate Aayaanni adeeysitee jirti.

6 . Al-Mu’minuun: 117

Page 24: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

18

Kaafirtoonni hin milkaawan Isaaniin je’e Rabbiin

Osuma Isa kadhatanii, Sababaa waan biraa

wajjiin kadhatuu Isaaniitiif.

Rasuulli s.a.w “Du’aa’iin Ibaadaadha.”

Jechuun Rabbi malee waan baraa akka

kadhachuun hin taane addeeysee jira.

Namni waan kadhatu saniif if xiqqeeysee,

Jaalalaan kajeellaa biraa qabuuf jecha

kadhata. Kadhaan akkasii sun Rabbi qofaaf

haqa godhamti.

Tuni Aqiidaa Ahlusunnaati, Aqiidaa

Ulamaa’oota keenyaati.

Page 25: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

19

Maqaa fii Sifa Rabbii keeysatti Aqiida

Ulamaa’oota keenyaa.

Aqiidaan Isaanii waan sifa Rabbirraa tahe kan

Quraanaa fii Hadiisa keeysattii dhufe hunda

akkuma dhuftetti sabachiisanii dabarsuudha.

Waan Rabbii fii Rasuulli s.a.w sifa Rabbii

keessatti hin dubbatin hunda, irraa callisuu fii

Rabbitti irkisuu dhabuun Aqiidaa Isaaniiti.

Sifoota Rabbii waan Quraanaa fii Hadiisa

keeysatti dhufe, Uumaatti osoo hin fakkeeysine,

Akkaataa osoo itti hin goone, osoo hin dinne,

Akka Rabbiin malutti je’anii sabachiisuun

Aqiidaa Isaaniiti.

Sifoota Rabbii kanneen Ulamaa’iin teenya

sabachiisuudhaan nu barsiisan, kan Ahbaashiin

diddurratti xiyyeefachuun haa laallu.

Rabbiin Arshiirratti ol tahuu.

Ulamaa’iin teenya akkuma Rabbiin ifiin je’e,

Rabbiin Arshiirratti ol tahuu ni amanan, nullee

nu barsiisanii jiran.

Rabbiin Arshiirratti ol tahuu Aayaanni dubbattu

Quraana keeysatti suuraa torba tan adda

addaa keessatti dhufte.

Page 26: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

20

Isaanis:

1. Suuraah A’araaf keeysatti Rabbiin

akkana je’a:

يام ثم رض ف ستة أ

موت وٱل ي خلق ٱلس ٱل ش ٱستوى لع ٱلعر إن ربكم ٱلل

“Rabbiin keeysan Allaaha, Isa Samii fii dachii

qixa guyyaa jahaa keessatti uume, Eegasii

Arshiirratti ol tahe.” A’araaf: 54

2. Suuraah Yuunus:

يام رض ف ستة أ

موت وٱل ي خلق ٱلس ٱل ثم ٱستوى لع ٱلعرش إن ربكم ٱلل

“Rabbiin keeysan Allaaha, Isa Samii fii dachii

qixa guyyaa jahaa keessatti uume, Eegasii

Arshiirratti ol tahe.” Yuunus: 3

3. Suuraat Ar’ad:

ثم ٱستوى لع ٱلعرش

“Eegasii (Rabbiin) Arshiirratti ol tahe.” Ar’ad: 2

4. Suuraa Xahaa

٥ٱلرحمن لع ٱلعرش ٱستوى

Page 27: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

21

“Ar-Rahmaan Arshiirratti ol tahe.” Xahaa: 5

5. Suuraa Furqaan keeysattis Rabbiin

akkana je’a:

يام ثم ٱستوى لع ٱلع رض وما بينهما ف ستة أ

ت وٱل مو ي خلق ٱلس ش ر ٱل

Inni (Rabbiin) Samiwwanii fii dachii ammas

waan Isaan lamaan jidduu jiru qixa guyyaa

jahaa keeysatti uume, eegasii Arshiirratti ol

tahe.” Al-Furqaan: 59

6. Suuraah Sajiida keeysattis Rabbiin

akkana je’e:

ثم ٱستوى لع ٱلعرش

“Eegasii Arshiirratti ol tahe.” As-Saajidaah: 4

7. Suuraat Al-Hadiid:

ثم ٱستوى لع ٱلعرش

“Eegasii Arshiirratti ol tahe.” Al-Hadiid: 4

Aayaatoonni torban dabran kun hundi, Jecha

Afaan Arabaa (Istawaa) jedhuun dhufan.

Page 28: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

22

Istawaa jechuun ammoo ol tahuu jechuudha

Afaan Oromootiin.

Aayaatoota kana hadiisaa fii Aayaatoonni

biroo kan hikkaa kana fakkaatu qaban

hedduudha. Hundi isii Rabbiin Uumaa Isaatirraa

ol tahuudha ibsiti, Ammoo Aayaatoonni torban

tuni Rabbiin eega dachii fii samii uume booda

Arshiirratti ol tahuurratti qajeelchiti. Rabbiin Ol

tahinsa Isaan malu ol tahe, Hikkaa waliigalaa

kan ol tahe je’u kana malee wanni beeynu kan

biraa hin jiru.7

Rabbiin Arshiirratti ol tahuu Hadiisoonni

sabachiisanis hedduudha.

Sanirraa:

Rasuulli s.a.w “Allaahaan kitaaba Isaa kan Arshii

olitti jiru keeysatti Rahmanni tiyya dallansuu

kiyyarra caalte/heddummaatte jechuun

galmeeyse.” Jedhan.

Ammas Hadiisa gabrittiidhaan “Rabbiin eeysa

jira?” jechuun gaafate keeysattis Rabbiin

uumaa Isaati olitti ol tahuun Sabatee jira.

7 . As-Sifaatil Ilaahii Sheekh Muhammad Amaan Al-Jaamii: 226

Page 29: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

23

Sahaabtichi Mu’awiyaa binu Al-Hakam

jedhamu Gabritti Isaa tan ra’ee Isaaf eeydu,

sababaa Ra’ee takka Yayyin jalaa nyaatteef

kabalee sheenawe. Bilisoomsuuf yaadee

Rasuula s.a.w gaafannaan Rasuulli s.a.w fidi

je’een.

Intala qabee Rasuula s.a.w bira geeyse. Rasuulli

s.a.w “Rabbiin eeysa jira?” jechuun gaafate.

Gabrittiin “Samii olitti jira.” Jetten. “Ani eenyu?”

jedheen. “Ati Ergamaa Rabbiiti” jetten. Rasuulli

s.a.w “Bilisoomsi Isiin Muslimaa” jechuun ragaa

baheef. Hadiisa Muslimtu gabaase.

Akka Hadiisa kanarraa hubannutti, Rasuulli

s.a.w Intala gaafii lama qofa gaafatee,

sanumaan akka Isiin Mu’mina taate ragaa

baheef.

Rabbii eeysa jira? Deebiin Samii oli jira.

Ani eenyu? Ati Ergamaa Rabbiiti.

Badhaasni deebii ammoo Isiin Mu’minaati

bilisoomsi jechuun Rasuuli s.a.w ragaa isiif

bahuudha.

Rabbiin ol tahuu gabrittiin Osuma hin baratiin

beeyti. Rabbiin ilmaan namaa kan Isa beekan

Page 30: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

24

uume, Amantii Fixraatirra jirti, falsafaa fii kijiba

adda addaatiin hin bocalamne.

Kanaaf Rabbiin eeysa jira je’anii gaafatuun

badii takkallee hin qabu. Yoo Rabbiin eysa jira

jedhan, deebiin Samii oli ykn Arshiirratti ol tahe

jechuudha. Gaafiin akkanaa Rabbirratti hin

gaafatamu jechuun warri odeeysan jallina fii

wallaalaatu Isaanitti jira. Waan Rasuulli s.a.w nu

dura gaafate nutis ni gaafanna jechuun

aqiidaa Ulamaa’oota keenyaati.

Rabbiin Arshiirratti ol tahuun waan shakkii

qabuu miti. Hedduminni ragaa kan

lakkaawamee hin dhumu. Ulamaa’oonni

heddumina ragaa irraa ka’anii Ragaa adda

qoodan. Ragaa Arshiirratti ol tahe jechuun

dhufe, Ragaa samii olitti ol tahe jechuu qofaan

dhufe, ragaa waa Isa bira ol koruu fii Isa biraa

gad bu’uu Ibsu, Ragaa Aqlii, ragaa hedduu

fidde Ulamaa’iin ol tahinsa Rabbii sabachiisuuf.

Ulamaa’oonni keenya Rabbiin Arshiirratti

ol tahurraa maal dubbatan?

Sheekh Muhammad Amaan Alii Jaamii kitaaba

Isaanii As-Sifaatu Ilaahii keeysatti Rabbiin

Arshiirratti ol tahuu Isaa amanuun dirqama.

Page 31: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

25

Quraanaa fii Hadiisa akkasumas Sahaabaa fii

warri Isaan boodaa hundi akkas amanan

jechuun ragaa hedduu fidee ibsee jira.8

Sheekh Muusaa Su’aalaa tafsiira sagaleen

Waraaban keeysatti Rabbin arshirratti akka

Isaan malutti ol tahe, ol tahisa Isaan malu.

Hikkaa jijjiruu fii fakkeeysuu, akkaataa itti

godhuu fii didunis hin taatu jechuun ibsanii jiran.

Sheekh Haaji Yuusuf, Sheekh Aadam Tuulaa,

Sheekh Ahmad Watar, Dr. Abdushakuur, Dr.

Jeeylaan, Dr. Kamaal Galatuu fii Ulamaa’oonni

keenya kan biraatis Rabbiin Arshiirratti akka

Isaan malutti ol tahe jechuudha barsiisan. Tuni

Aqiidaa Isaaniiti.

Aqiidaan Ahbaashii Aayaatootaa fi Hadiisoota

Rabbiin Arshiirratti ol tahuu sabachiisu hunda

hikkaa jijjiruu fii diduu irratti gad dhaabbatti.

Isaan sifa Rabbiin ifiin yaame hin amanan,

Akkasuma Sifa Rasuulli s.a.w Rabbiin yaame hin

amanan. Tan fedhan fudhatanii, tan biraa

lakkisan. Aqliin teenya ykn falsafaan teenya hin

8 . As-Sifaatul Ilaahii: 225-237

Page 32: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

26

qeebaltu jechuun Quraanaa fii Hadiisa dura

dhabbatan.

Isaan akki jedhan “Rabbiin ol hin jiru, gad hin

jiru, mirga hin jiru, bitaa hin jiru, adunyaa keessa

hin jiru, adunyaa alas hin jiru.” Bakka takkallee

hin jiru.

Duuba jechoota Isaanii kan dharaa kana

Mu’taziilaa firqaa jedhamturraa dhaalan.

Ragaa tokkoon maleetti Aayaata Rabbii

hedduu dhiisanii, hadiisa Rasuulaa s.a.w irraan

tarkaanfatanii Rabbiin uumaa Isaati olitti

jiraachuu Isaa didan.

Aqiidaa Ulamaa’ii teenyaa tan Quraanaa fii

Hadiisarratti dhaabbatte moo tan Ahbaashii

tan kijibarratti dhaabbatte filanna?

Rabbiin Arshiirratti ol tahe, uumaa Isaati ol jira,

Aqiidaa Ahlusunnaa qulqulluun tana.

Page 33: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

27

Rabbiin gabarran Isaa wajjiin jiraachuu.

Rabbiin Arshiirratti ol tahuu Isaatii fii uumaa

Isaati olitti jiraachuu Isaa Ulamaa’oonni keenya

akka amanan arginee jirra.

Akkasuma Rabbiin gabroottan Isaatii wajiin

jiraachu Isaa ni amanan.

Rabbiin gabroottan Isaatii wajjiin jiraachuu

Quraana keeysatti dubbatee jira. Sifa wajjii

jireenya Rabbii kana Ulamaa’oonni keenya

bakka lamatti qoodaniiti laalan.

Isaanis:

1. Wajji jireenya waliigalaa: Rabbiin akka

waliigalaatti gabroottan Isaa hundaa

beekkumsa Isaatiin wajjii jira. Beekkumsi

Rabbii Isaaniin marsee jira.

Kanaaf ragaan jecha Rabbii ol taheeti:

ين ما ك وهو معكم أ ٤ بما ععملون بصري نتم وٱلل

Page 34: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

28

“Inni Isin wajjiin jira (beekkumsa Isaatiin), bakka

argamtan hundatti. Allaahaan waan Isin

daleeydan argaadha.”9

Rabbiin beekkumsa Isaatiin bakka hundatti nu

wajji jira.

2. Wajji jireenya kophaa ykn kan addaa:

Rabbiin gabroottan Isaatirraa warra

filate, warra Isa sodaatu, warra ibaadaa

tolchu, warra obsuu ammoo akka

addaatti gargaarsaa fii tumsa Isaaniif

godhuun Isaan wajji jira.

Ragaan jecha Rabbii ol taheeti:

ين ين ٱعقوا وٱل مع ٱل سنون إن ٱلل ١٢٨هم م

Allaahan warra Rabbi sodaatu wajjiin jira,

ammallee Isaannan Ibaadaa tolchan wajji

jira.”10

Rabbii warra Isa sodaatu fii warra Ibaadaa

tolchuu wajjiin jira jechuun, Isaaniif tumsuu fii

Isaan gargaaruun hoggayyuu Isaan wajji jira

jechuudha.

9 . Al-Hadiid: 4 10 . An-Nahl: 128

Page 35: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

29

Ragaan kana akka gaaritti ibsuu Rasuulli s.a.w

gaafa Makkaa Hijiraa bahe, Abuu Bakrii wajjiin

gaara keeysatti dhukatan, Warri Makkaah

Rasuula ajjeefna jedhanii Isaan barbaada

dhufanii mataa gubbara Isaa dhaabbatan.

Hoggaa san Abuu Bakri rifate, Rasuulli s.a.w

Abuu bakriin akki je’e:

معنا ل تزن إن ٱلل

“Hin gaddin Allaahan nu wajji jira.”11

Rabbiin ol tahe Isaanii wajji jira, Tumsa Isaatiin,

Isaan tiysuun, Isaanirraa hamtuu deebisuun

Isaan wajji jira.

Rabbiin gabroottan Isaatii wajji jira jechuun,

Zaataan gad bu’ee bakka hunda Isaan wajjiin

jira jechuu miti. Akkasitti hikkuun Shari’aa fii

seera Afaaniitiin waan sirriitii miti. Wajji jira

jechuun dirqama zaataan wajji jira jechuu hin

kennitu.

Rabbiin Beekkumsaan gabroottan Isaa hunda

wajji jira. Wanni beekkumsa Isaatii ala jiru

11 . At-Towbaa: 40

Page 36: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

30

tokkolleen hin jiru. Isaan hunda quba qaba.

Beekkumsi Isaa Isaaniin marsee jira.

Akkasuma Rabbiin gabroottan Isaa keeysaa

warra Amanee waan Inni itti ajaje hunda

dalagu, Tumsaa fii Isaan tiiysuudhaan isaan

wajji jira.

Haala kana lamaaniin Rabbiin gabroottan wajji

jira jechuun Aqiidaa ulamaa’oota keenyaati.

Aqiidaan tun Aqiidaa Sahaabootarraa warri

salafaa dhaale.

Sifa gad bu’uu.

Gad bu’insa Rabbi akkuma Hadiisaan dhufetti

gama samii duniyaa gad bu’a, bu’insa Isaan

male. Aqiidaa Ahlusunnaati. Aqiidaan

Ulamaa’oota keenyaatis kanuma. Waan

Rasuulli s.a.w nuuf hime tan Sifa Rabbiitti ijjattu

hunda itti amanuun dirqama. Kan akkaataa Isii

hin gaafanne, kan akkaataa ittis hin goone,

kan hin fakkeeysine, kan waan hadiisaan dhufe

hin lakkifne itti amanan.

Sheekhni Muhammad Amaan Al-Jaamiin gad

bu’insa Rabbii ilaalchisee akkana je’e:

Page 37: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

31

“Hadiisooleen gad bu’insa Rabbii sabachiisan

hedduutu dhufe, Imaam ibnu Teeymiyyaan

Hadiisa Mutawaatira (lakkoysi hedduun)

odeeyse je’een, Haafiz Ibnu Abdul Bar

akkasuma Hadiisni gad bu’insa Rabbii himu

Mutawaatira karaa hedduun odeeyfame

jechuun addeeyse.

Imaam Az-Zahabiin Imaamoota lamaan Ibnu

Teeymiyaa fii Ibnu Abdul Bar deeggaree

akkana je’e: <Hadiisa gad bu’insa himu san

Jildii (mujallada) tokkotti katabeetin ture,

Hadiisni sun Mutawaatira karaa hedduun

odeeyfame tahuu itti mirkaneeyfadheetin jira.>

Hadiisoota sanirraa:

Hadiisa Abuu Hureeyraan Nabiyyirra

odeeysu s.a.w:

“Gad bu’a Rabbiin keenya halkan hunda

hoggaa harki sadii halkanirraa dabre. Rabbiin

<<Ani Mootiidha eenyu kan na gaafatu? nin

kennaafi, Eenyu kan na khadhatu Isaafiin

awwaadha? Eenyuutu Araarama narra

barbaada nin araaramaafi?>> je’a.”12

12 . Sahiiha Bukhaarii: 1145, Sahiiha Muslim: 758

Page 38: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

32

Sheekhni ragaalee hedduu Hadiisaa fii

jechoota Ulamaa’ii fidee akkasumas warra

didu hunda kijiba Isaanii saaxile.

Dhumarratti wanni Sheekni Dubbii Isaa

goolabeen Rabbiin gad bu’a akkuma

hadiisaan sabate. Jecha Rabbii fii Rasuulaa

s.a.w bira dabarree humaa itti hin idaanu, gad

bu’insa Isaan male gad bu’a jennee bira

dabarra akkuma warra salafa nu dura dabree.

Ammoo warri hikkaa jijjiree Malaaykaatu bu’a,

Rahmataa bu’a je’u waan hin beeyne

Rabbirratti dubbataa jiran. Sahaabaa fii warri

Isaan dhaqqabe Taabi’oonni Sifa tana akkuma

Rasuulli s.a.w hadiisa keessatti ibsetti

sabachiisanii bira dabran. Isaanitti hidhachuun

Amantii keeysatti waan filannoo biroo hin

qabne. Dhumarratti wanni jennu jecha

Imaamu Maalik Ol tahuu Rabbii keeysatti je’e

sani ‘Gad Bu’unisi Rabbii akkuma hadiisaan

dhufe beekkamaadha, Akkaataan hin

beekkamu, itti amanuun dirqama, Akkaataa

gaafachuun ammoo Bid’aadha.’13

13 . As-Sifaatul Ilaahi: 252-256

Page 39: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

33

Sifa Dubbachuutii fii Quraanni jecha

Rabbii tahuu.

Aqiidaan Ulamaa’oota keenyaa Rabbiin ol

tahe ni dubbata jechuu amanan. Rabbiin

Quraana dubbatee jira, jecha Isaati jechuu

amanan.

Ragaan Rabbiin dubbachuu irratti qajeelchu

hedduudha. Sanirraa:

Jecha Rabbii ol tahee kana:

موس تكليما وكم ١٦٤ٱلل

“Allaahan Muusaa dubbisiinsa dubbise.”14

Rabbiin Nabi Muusaa nageenyi irratti haa

jiraatuu, dubbisee jira jechuun Quraana

keeysatti mirkaneeysee jira. Dubbiin Rabbii

nama dubbifame saniif ni dhagayamti. Kanaaf

Rabbiin Muusaa dubbisee jira, Muusaan jecha

Rabbii dhagayee jira jechuudha.

14 . An-Nisaa: 164

Page 40: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

34

Rabbiin ol tahe ammas bakka biraatti akkana

je’e:

ن كم ٱلل نهم م بعض م لنا بعضهم لع ٢٥٣۞تلك ٱلرسل فض

“Sun Ergamtoota, Garii Isaanii gariirra

caalchifne, Isaanirraa kan Allaahaan

dubbiseetu jira.”15

Rabbiin aayata tana keessatti Ergamtootarraa

garii Isaanii dubbisne je’a. Kanaaf Rabbiin ni

dubbata. Diduun hin taatu.

Rabbiin Quraanni dubbii Isaa akka tahe

hoggaa Ibsu akkana je’e:

إو م ٱلل سسمع ك رر حن ٱلمركي ٱستجار فج حد م

ن أ

“Yoo mushrikootarraa tokko nagaya akka Isaaf

kennitu sirra barbaade, nagaya kenniif, hanga

jecha Allaahaa dhagayutti.”16

15 . Al-Baqaraa: 253

16 . At-Towbaa: 6

Page 41: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

35

Quraanni jecha Allaahati. Kanaaf hanga jecha

Allaahaa dhagayuu jechuun Rabbii dubbate.

Sheekh Muhammad Amaan Al-Jaamiin

Rabbiin dubbachuu Isaa sabachiisuun akkana

je’e:

“Tuutti nagaya baatuu taate, Tan waan

Nabiyyiin s.a.w irra ture qabatte, Rabbiin akka

dubbatu ni sabachiisan. Dubbii haqiiqaati

dubbata, tan namni itti dubbatame dhagayu.

Quraanni nuti Arraba keenyaan Qaraanu, kan

Qooma keenyatti haffaznu, kan kitaabatti

katabnu, Dubbii Rabbiiti, Jecha Inni dhugaan

dubbate jechuu amanan. Ammoo akkaataa

irraa hin dubbatan. Nuti kana ni amanna. Kuni

waan warri Salafaa Rabbiin dubbatuu

ilaalchisee amanani, nutis kana amanna…”17

Ulamaa’oonni keenya karaa salafoonni irra

turan kanarratti deemuudhaan, Rabbiin

Quraana akka ifiif dubbate, akkasuma Rabbiin

hoggaa fedhe, abbaa fedhe akka dubbisu ni

sabachiisan.

Sheekh Muhammad Rashaad akkana je’e:

17 . As-Sifaatul Ilaahi: 262-263

Page 42: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

36

“Qur’aanni Rabbiin Nabi Muhammadirratti

buuse dubbi Rabbiiti, Rabbumaatu dubbate.

Jibriil Rabbirraa dhagayee, Nabi Muhammad

Jibriilirraa dhagayee, ummanni Nabi

Muhammadirraa dhagaye.”18

Sheekh Muhammad Rashaad Quraana Jibriil

Rabbirraa dhagayee, Nabi Muhammad s.a.w

Jibriil irraa dhagayee jechaa jira. Rabbiin waan

dubbate san Abbaa fedhe dhageeysisa,

Dubbiin Rabbii sagaleen dhagayamteef

jechuudha Jibriiliif. Akka warri Falsafaa je’uu

dubbiin Rabbii hin dhagayamtu hin jenne.

Sifa Harkaa

Rabbiin ol tahe harka lama qaba, harka uumaa

Isaa hin fakkaattu. Quraanaa fii Hadiisaa sabatee

jira, diduun hin taatu, hikkaa jijjjiruun taatu,

fakkeeysuun hin taatu, akkaataa dubbachuun hin

taatu. Harka Isaan malu qaba je’anii amanuun bira

dabruun dirqama. Aqiidaan Ulamaa’ota keenyaa

Rabbiin harka Isaan malu qaba jechuun

dhugoomsuudha.

Ragaan Isaanii jecha Rabbii ol taheeti:

18 . Sharhu matnil aqiidatixxahawiyya Afaan Oromootiin: 20-21

Page 43: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

37

بل يدا مبسوطتان

“Garuu Harki lameen (Rabbii) ballifamtuudha.”19

Rabbiin ol tahe harka Isaan malu qaba jechuu

aayaanni tuni ni addeeysiti.

Ragaan biraa Rabbiin Ibliis gaafa Nabi Aadamiif

Sujuuda bu’uu dide akkana jedheen:

ن تسجد لما خلقت بيديإبليس ما منعك أ قال ي

“Yaa Ibliis! Maaltu waanin ani harka kiyya lamaaniin

uumeef sujuuduu si dhorge?”20

Rabbiin ol tahe harka Isaan maltu qaba jechuu

kanarraa hubanna. Aqiidaan Ulamaa’oota

keenyaa Quraanaa fii hadiisa akkuma dhufetti itti

amanuudha malee, bakka fedhan jijjiranii, bakka

fedhan didanii, bakka fedhan amanuu miti.

Sheekh Muhammad Rashaad akkana jedha:

“Rabbiin harka ni qaba. Haa tayuu akka harka

keenyaatii miti.”21

19 . Al-Maa’idaa: 64 20 . Saad: 75 21 . Sharhumatnil aqiidatixxahawiyyaa fuula: 33-34

Page 44: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

38

Sheekh Muhammad Amaan Al-Jaamii akkana

je’e:

“Harka lameen Isaan maltu qaba, dandeetti

je’anii hiikuun hin tahu, dandeettiin sifa if

dandeeyse ta biraati, Qananiidha jedhanii

hiikuun hin tahu, qananiin sifa Rabbii ta biraa

tan if dandeeyse, Fakkeeysuun hin taatu, Inni

fakkaataa tokkollee waan hin qabneef.”22

Ulamaa’oonni keenya Aqiidaa tanarra jiran.

Quraanaa fii Hadiisarraan hin tarkaanfatan.

Haaluma kanaan Ulamaa’oonni keenya

Sifoota Rabbii hunda akkuma Rabbiin ifiin

yaametti, akkuma Rasuulli s.a.w Isaan yaametti

ni sabachiisan, ammoo akkaataa osoo itti hin

goone bira dabaran. Waan Rabbiin nin qaba

je’e didanii hikkaa hin jijjiran, fakkeeysanii tan

uumaa Isaatiin wal bira hin qaban, akka Isaan

malutti Ol tahe, gad bu’a, Guyyaa qiyaamaa

ni dhufa, ni dubbata, Harka qaba, Ija qaba, ni

dhagaya, ni arga, ni jaalata, ni jibba, tanaa fii

sifoota Rabbii hunda akkuma dhuftetti

sabachiisuun bira dabran.

22 . As-Sifaatul Ilaahi: 305

Page 45: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

39

Sifoota Rabbitirraa waan gurguddoo

Ahbaashiin diddu hanga kana eega laalle

Aqiidaa Isaanitirraa waan hafetti dabra.

Ballinaan Namni Sifa Rabbii irratti hubannoo

gahaa Argachuu barbaade, Kitaaba As-

Sifaatul Ilaahi kan Sheekh Muhammad Amaan

Al-Jaamii haa dubbisu. Ykn Sharhu Matil Aqiidat

Xahawiyyaa Sheekh Muhammad Rashaad

Afaan Oromootiin qopheeyse dubbisuun kijiba

Ahbaashii ifa namaaf ni galacha.

Aqiidaan Ulamaa’oota keenyaa Arkaana

Imaanaa Jahan akka tahe gubbaatti ibse ture.

Allaahatti amanuun akka asi olitti ibsame waa

hedduu if keeysaa qaba.

Malaaykootatti amanuu.

Malaaykootatti amanuun Aqiidaa

Ahlusunnaati. Ulamaa’oonni keenya

sanumarra jiran. Malaaykaan Uumaa Rabbii

tan Nuura (Ifaa) irraa uumamte.

Rabbii Isaaniitiif ajajamuu malee ajaja Isaa hin

khallafan. Heddummina Isaanii Rabbumaatu

beeka.

Page 46: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

40

Isaanirraa warra Maqaa Isaanii Quraanaa fii

hadiisa keeysatti mirkaneeyfame itti amanna.

Sanirraa Jibriil (Jibraa’eel), Mikaa’eel, Maalik,

Israafiil dubbachuu ni dandeenya.

Malaaykaan waan gheeybiiti (waan nuti hin

argine), Arguu baannus Quraanaa fii Hadiisaan

sabatee jira. Itti amanuun dirqama. Namni

Arkaana Iimaanaa jahan keessaa tokkotti hin

amanne, Muslima hin je’amuu Kaafira.

Malaaykaatti amanuun arkaana Iimaanaa

jahanirraa tokko itti amanuun dirqama jechuun

Aqiidaa Ulamaa’oota keenyaatti.

Kitaabban Rabbiitti amanuu. Rabbiin ergamtootaaf yeroo adda addaatti

kitaaba buusee jira. Itti amanuun dirqama.

Aqiidaa Ahlusunnaati, Ulamaa’oonni keenyas

kanumarra jiran.

Kitaaboota Rabbiin buuse keessaa kan nuuf

himame:

Zabuur Rabbiin Nabi Daawud irratti buuse.

Towraat Nabi Muusaa irratti buuse.

Injiil Nabi Iisaa Ilma Maryam irratti buuse.

Page 47: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

41

Quraana Nabi Muhammad irratti buuse. Hunda

Isaanii nagayaa fii Rahmanni irratti haa jiraatu.

Kitaaboonni maqaan Isaanii dubbatame kuni

Rabbirraa buufamuu amanna. Ammoo kan itti

dalaguu fii jala deemuun dirqamaa Quraana

qofa.

Kitaaboonni amma Kiristaanaa fii Yahuudaan

harkaa qaban, shaaramee jira. Shaaramuu

qofa osoo hin taane harka namaatiin wanni

haarawani itti dabalamee, irraa irrifamee,

jijjiramee jira. Kanaaf jala deemuu fii itti

dalaguun dirqamaa miti. Rabbiin kitaaboota

buusuu amanuu qofaatu dirqama.

Ergamtoota Rabbiitti amanuu. Ergamtoota Rabbiin erge hunda itti amanuun

Aqiidaa Warra Haqaati. Arkaana jahanirraa

Ergamatoota Rabbiitti amanuun tokko.

Ergamtoota hunda itti amanna, ni jaalanna.

Amma kan jala deemnu Nabi Muhammad

s.a.w xumura Ambiyootaati. Ergamtoonni hundi

ummata Isaanii qofaaf ergaman, Nabi

Muhammad s.a.w malee. Nabi Muhammad

s.a.w Ummata hundaaf ergame, Alama

hundaaf ergame, Jinnii fii Ilma namaa hundaaf

Page 48: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

42

ergame. Isa Booda Nabiyyiin hin jiru. Inni

xumuraa Ambiyootaati.

Nabiyyootarraa 25 kan maqaan Isaanii

himameetu jira, Kan Maqaan Isaani hin

himaminis hedduudha.

Diydamii Shanan Maqaan himame:

Aadam, Idriis, Nuuh, Huud, Saalih, Ibraahim,

Luux, Ismaa’iil, Is’haaq, Yaaqub, Yuusuf,

Ayyuub, Muusaa, Haaruun, Shu’eeyb, Zul kufli,

Daawud, Suleeymaan, Yuunus, Al-Yas’a,

Iliyaas, Zakariyyaa, Yaahyaa, Iisaa,

Muhammad s.a.w.

Hunda Isaanii nagayaa fii faaruun Rabbii

Isaanirratti haa jiraattu.

Namni Isaanirraa tokkotti hin amaniin hundatti

hin amanne. Namni Nabi Iisaan ilmi Maryam

ergamaa tahuu hin amanin, Muslimaa miti.

Iisaan Ilma Rabbii kan Isaaf dhalate osoo hin

taane Ergamaa Rabbii kan Rabbiin ergate. Inni

Abbaa malee haadha qofarraa tahii Rabbiitiin

argame, Akkuma Nabi Aadam Haadhaa fii

Abbaa malee tahii Rabbiitin argame.

Page 49: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

43

Ergamtoota hunda itti amanuun Aqiidaa

Ahlusunnaati.

Guyyaa Qiyaamaatti amanu Arkaana Iimaana jahan keeysaa tokko guyyaa

Qiyaamaatti amanuudha. Guyyaa

Qiyaamaatti amanuun Qabriitti waan nama

qunnamurraa jalqabee hanga Jannataa fii

Jahannam seenanii waan jiru hundatti

amanuudha. Waan hin Mul’anne kan Rabbii fii

Rasuulli s.a.w itti amanuu dirqama godhan

keeysaa guyyaa qiyaamaatti amanuun dame

takka. Ulamaa’oonni keenya Aqiidaan Isaanii

tana.

Guyyaan irraa boodaa kan jalqabdu

du’urraahi. Namni du’e Qiyaamaan Isaa

dhaabbatte jedhama.

Azaaba Qabrii, Gaafii Qabrii, Qananii Qabrii

hunda ni amanna. Shakkii hin goonu kana

keessatti. Akkasuma Du’aa kaafamuu, kitaabni

mirgaa bitaan guyyaa qiyaamaa kennamuu,

warri bitaan fudhate Jahannam akka seenu,

warri mirgaan fudhate jannata akka seenu ni

amanna.

Page 50: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

44

Siraaxitti ni amanna. Dildila Jahannam

gubbarra jiru, Qallinni Isaa akka lime, qarri Isaa

seyfirra qara, namni hunda sanirra dabruu

tattaafata. Kan akka qilleensaatti dabru, kan

akka farad guluufutti dabru, kan fiigaa dabru,

kan shorroqaa dabru, kan hokkoon Jahannam

buttee Ibiddatti kufus ni jira.

Guyyaan qiyaamaa guyyaa akka malee

jabaati, Guyyaa Haadhaa fii ilmoon wal

dagatan, guyyaa daa’imni arroytu, guyyaa

Gosummaan hin daleeyne, guyyaa qabeenyi

nama hin baafne, guyyaa warri amanee fii

dalagaa gaarii dalagate qofti nagaya bahani.

Guyyaa Qiyaamaatti Amanuun Shafa’aa Nabi

Muhammad s.a.w Rabbi biratti nuuf seenu

Amanuu if jala qaba. Guyyaa Qiyaamaa nabi

Muhammad Shafa’aa eega seene ykn eega

Inni Maangudummaa Rabbitti dhaqe booda,

Rabbiin irraa qeebalee nama jiddutti murtii

godha. Suni Shafa’aa gudditti jedhamti.

Shafa’aan biraa tan Nabiyyiin s.a.w ummata

Isaatiif seenu warra Towhiidaa kan cubbuu

adda addaatiin ibidda seenan Rabbi biratti

magantaa seeneefii Isaan baasa.

Page 51: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

45

Kuni hundi waan guyyaa qiyaamaatti amanuu

jala seenu. Aqiidaan Ulamaa’oota keenyaa

kana hundatti amanuudha.

Qadaratti Amanu. Arkaana Imaanarraa kan hafe qadaratti

amanuudha. Qadara Rabbii mi’awaa fii

hadhaawas, gaarii fii hamaa hunda itti

amanuun Aqiidaa warra sunnaati.

Ulamaa’oonni keenya Aqiidaan Isaanii tana.

Rabbiin waan hunda beekee, Murteeysee,

galmeeysee jira. Waan Inni fedhe malee wann

Inni hin feene hin argamtu.

Waan gheeybii kan itti amanuun dirqamaa.

Aqiidaan Ulamaa’oota keenya Aqiida warra

Ahlusunnaa qajeeltudha. Waan gheeybii kan

nuti argin, kan amantii teenyaan sabate hunda

itti amanuun dirqama jechuu amanan.

Sanirraa:

Israa fii Mi’iraaja

Rasuula s.a.w Jibriil Makkaa halkan fuudhee,

Beeytal Maqdas geeysee, Achiin gama Samii

torbanii ol bahee jira. Manaabaa miti Zaahira,

Page 52: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

46

Osoo dammaqarra jiruuti wanni sun hundi

argame. Akkuma dhufetti amanna.

Mallattoo Qiyaamaa:

Mallattoo Qiyaamaatirraa waan Shari’aatti

mirkanaawe arguu baannus hunda ni amanna.

Tan akka Dajjaal, Nabi Iisaan Ilmi Maryam s.a.w

gad bu’ee Dajjaal ajjeesuu, Ya’juuj fii Ma’juuj

bahuu, Daabbaa ykn Bineensi deemtu tan

nama dubbiftu bahuu, Aduun seensaan bahuu

fii waan kana fakkaatu kan Quraanaa fii

Hadiisaan sabate ni amanna.

Sahaaboota Rasuulaa s.a.w Aqiidaan Ulamaa’oota keenyaa Sahaaboota

Rasuulaa s.a.w hunda Jaalachuudha. Hunda

Isaanii Rabbi irra haa jaalatuu maqaa

kabajaatii fii Jaalalaan qofa Isaan dubbatuun

Aqiidaa Ulamaa’oota keenyaati. Isaanirraa

tokkollee hin jibban, hin xiqqeeysan, hin

arrabsan. Waan Isaan jiddutti argame hunda

Rabbiif dhiisan.

Sheekh Muhammad Rashaad akkana je’e:

“Sahaabaa Nabi Muhammad s.a.w, nama

Isaanirraa taye, tokkolleedharraa hin cinnu.

Page 53: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

47

Hundi Isaanii jaalalloota keenya. Nama

As’haabaa Nabi Muhammad jibbu hunda, ni

jibbina.”23

Sahaabaa warri arrabsu Shii’aa kijibdootaa fii

Ahbaashiidha. Ahlusunnaan Sahaabaa hunda

jaalachuu malee arrabsuun Aqiidaa Isaaniiti

miti. Ulamaa’oonni keenya Aqiidaan Isaanii

Sahaabaa Jaalachuudha.

Rasuulli s.a.w “Sahaabaa tiyya hin arrabsinaa,

tokkoo keeysan osoo dahaba hanga gaara

Uhuud sadaqate, Hammaarrii shanachaan

tokkoon Isaanii (sadaqatu) hin gahu.”24

Sahaaboota hunda akkuma jaalannu Beerran

Nabiyyii s.a.w hunda ni jaalanna. Isaan hundi

haadha Muslimootaati.

Sahaabootarraa irra Caalaan Abuu Bakr As-

Siddiiqi, eegas Umar binu Al-Khaxxaab, eegas

Usmaan Binu Affaan, eegas Aliyyi binu Abi

Xaalib Rabbi irraa haa jaalatu hunduma Isaanii.

Jarri Afran kuni Khulafaa’u Raashiiduun

jedhaman bakka bu’oota qajeeloo Nabiyyii

23 . Sharhu Matnil Aqiidatixxahawiyyaa Afaan Oromoo: 117-118 24 . Sahiiha Bukhaarii: 2673

Page 54: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

48

s.a.w bakka bu’anii Ummata Isaatiif duree

tahan.

Rasuulli s.a.w Sunnaa tiyyaa fii sunnaa

Khulafaa’u Raashiduun qabadhaa, itti

ciniinnadha, je’e.

Imaana Imaanni Qalbiin dhugoomsuu, Afaaniin

dubbachuu, dalagaan mirkaneeysuudha.

Gaarii dalaguun dabala, hamtuu dalaguun

xiqqaata ykn irratta hanga dhabama tahutti.

Kuni Aqiidaa Salafootaati, Ulamaa’oonni

keenyas kanuma Aqiidaan Isaanii.

Afaaniin dubbachuun akka Laa Ilaaha Illaah

jechuuti.

Qalbiin dhugoomsuun akka arkaan Iimaanaa

amanuuti.

Qaamaan dalaguun akka salaataati. Hundi

Iimaana, amantiidha.

Warri Ahlusunnaa cubbuu gurguddoo Shirkii

gadii Muslimoota dalagan akka Khawaarijaatti

hin kafarsiisan. Namni cubbuu dalage maqaa

Iimaanaa jalaa hin bahu hanga Shirkii dalagu.

Page 55: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

49

Ammoo Imaanni Isaa irruudha, badii dalagaa,

Cubbaawaadha je’ama.

Akka Ahbaashii fii Murji’aan jettu Iimaanni

dhugoomsuu qofa hin jettu Ulamaa’iin teenya.

Iimaanni dalagaa fii jechas if jalaa qaba.

Aqiidaan Ulamaa’oota keenyaa

gabaabinaan akka ibsame kana. Ballinaan

namni baruu fedhe tokkoo Isaanii bira dhaqee

kitaaboota Aqiidaa irraa barachuu dandaha

ykn Waraabbii Isaanii barbaadee irraa

barachuun daran hubachuu ni dandaha.

Ahbaashii fii Ulamaa’oonni keenya Aqiidaan

hedduu adda fagaatan. Ulamaa’oonni

keenya Aqiidaa qulqulluu Sahaaboota

Rasuulaa s.a.w irraa dhaalamte jala deeman.

Ahbaashoonni ammoo falsafaa adda addaa

tan warri jallate fi warri wallaalaa argamsiise

jala deeman.

Aqiidaa tana barsiisuuf Ulamaa’oonni keenya

balaa meeqa arganii nu biraan gahan, arra

nutis barannee jallinaa fii falsafaarraa eeguun

dirqama keenya.

Page 56: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

50

Seenaa Ulamaa’oota keenyaa Aqiidaan Ulamaa’oota keenyaa gabaabsinee

yoo laalle akka gubbaatti ibsame san taha.

Aqiidaa tana akkamitti nuun gahanii beekuuf

ammoo seenaa Isaaniitirraa waa xiqqo

dubbachuun barbaachiisaadha.

Seenaan Ulamaa’oota hanguma kana qofa

jechuu kiyyaa miti. Ulamaa’oonni keenyas

haganuma jechuu kiyyaa miti. Garuu hagan

ani argachuu fii beekhuu dandahetu hagana.

Ulamaa’oota keenya Amantii teenya akkamitti

akka baratanii fii akka itti barsiisan yoo laalle

waan ajaa’ibaati agarra.

Tokkoon Isaanii jiruu Isaa guutuu barachuu fii

barsiisuu qofatti dabarsa. Hoggaa baratu

rakkoo meeqa argee, hoggaa barsiisu balaa

hedduu qunnama.

Seenaan Ulamaa’oota keenyaa dhalootaaf

akka dabru Namuu Ulamaa’oota ganda

keenya jiru qofa seenaa Isaanii yoo katabne,

yoo sagalee ykn vidiyoo irraa waraabnee ol

keenye, dhugumaan seenaa daleeyne

jedhama.

Page 57: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

51

Ahbaashiin guyyaa keeysaa dhuftee anaatu

Ulamaa’ii akka nuun hin jenne, Ulamaa’oota

keenya arrabsanii akka warra falsafaa Isaanii

Ulamaa’ii nuuf hin goone seenaa Ulamaa’oota

keenyaa baruun dirqama, galmeeysuun

dirqama, waraabuun dirqama keenya.

Ulamaa’ootan seenaa Isaanii argachuu

dandaha kudhanan kana kunoo wal baraa.

Page 58: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

52

Sheekh Ahmad Watar Sheekh Ahmad Usmaan Muhammad Al-Oromii

(Oromticha akka jechuuti)

Garuu Sheekh Ahmad Watar Jechuun

beekkama. Watar bakka Inni itti dhalate

hoggaa taatu, Harargee bahaa Oromiyaa

keessatti ganda argamtu tahuu Isiiti.

Barri dhaloota Isaa Xaaliyaan biyya seentee

amata 3 keessatti. Xaaliyaan kan biyya kolonii

Isii jalatti galchite bara 1936 a.l.f.

Sheekh Ahmad Watar daa’imummaa Isaarraa

eegalee Barnoota Islaamaa barachuu fii

barsiisutti jiruu Isaa dabarse. Inni Sheekha

Ulamaa’oota hedduuti. Hararge, Jimmaa, Arsii,

Iluu Abbaa booraa fii naannoo adda

addaarraa barattoonni beekkumsa Islaamaa

dheebuu bahuu fedhan gama Isaa dhufanii

galaana beekkumsaa kan inni walitti

qabaterraa waraabbataa turan. Ammallee itti

jiran.

Sheekh Ahmad Watar Barnoota Islaamaa

waan tahe gosa hin barsiisne hin qaban.

Beekkumsa Hadiisa Rasuulaa s.a.w keessatti

fakkaataan Isaa hin jiru jechuun Ulamaa’oonni

Page 59: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

53

ragaa bahaniifii jiran. Fiqhi barsiisutti hoggaa

seene Faqiiha honga hin qabne. Seera Afaan

Arabaa (Nahwii, Sarfii fii Balaaghaa) hoggaa

barsiisu Seerluuga Afaan Arabaa qofaan nama

eebbifame fakkata. Usuulul Fiqhi hoggaa

barsiisu Isii qofa kan baratee Isiin honga gahe

tahuu hubbatta. Tafsiira hoggaa Barsiisu,

Mufassira fakkaataa hin qabne akka tahe

Ulamaa’oonni irratti baratan ragaa bahan.

Maqaa Albaanii Oromoo ykn Albaanii biyya

teenyaa jedhuun Sheekkan Isa beekan Isa

boodaa Isaan yaaman.

Amata 45 oliif barsiisuudhaan beektoota

hedduu uumuu dandahee jira. Sheekh Ahmad

Watar amata Afurtamii Shanan dabarte

keessatti ganama Salaata Subhii irraa hanga

Asrii ykn Hanga Maghriibaa barsiisuun dabarsa.

Boqonnaa wanni je’amu hin jiru. Tuutti

barattootaa takka barattee hoggaa irraa

baate tan biraatu itti aansa, tuutti tun hoggaa

baate tan birooti itti aana. Haala kanaan

hanga galgalaa barsiisuun dabarsan.

Haalli kun Ulamaa’oota biyya teenyaa irra

hedduu biratti waan baratame. Haala kanaan

amantii Islaamaa bareedduu beekkumsaan

Page 60: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

54

asiin gahan Rabbiin Jannataan Isaan haa

badhaasu.

Sheekh Ahmad Watar Joollummaarraa

barnoota barachuun beekkumsa hangana hin

je’amne argatanii jiran.

Sheekh Isaa kan duraa Sheekh Muhammad

Ahmad Abdullaahi kan jedhamarratti amata

10 oli barate. Kitaaboota Fiqhii jalaa hanga

honga Isiitti irra daddeebi’ee Sheekha Isaa

kanarratti baratee haffazee jira.

Sheekh Muusaa Addeellee jechuun Sheekha

Seera Afaan Arabaa barsiisuun beekkamu

biratti amata 10 dabarsan. Kitaaba Afaan

Arabaatti ijjatuu jalaa hanga honga Isii

baratanii jiran.

Sheekkootiin Inni waggaa dheeraaf irra

deemee irraa barataa ture hedduudha. Hunda

biraa Ijaazaa barsiisummaa akka aadaa

Ulamaa’ootaatti fudhatee jira. Sheekkootiin

Inni Ijaazaa barsiisuuf irraa argate hedduudha.

Sheekh Abdullaahi Tuqoo, Sheekh Aadam

Tuulaa, Sheekh Aadam Walloo (kan Makka

jiraatu. Sharhii Nasa’ii barreeysuun adunyaa

Page 61: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

55

kan ajaa’ibsiise.), Dr. Jeeylaan Kadiir fii kanneen

birroo heddudha.

Ballinaan hubachuuf Kitaaba Sheekh Ahmad

Watar

”إتحاف القاري بأسانيد أحمد الوتري “

<<Ittihaafu Al-Qaarii bi Asaaniidi Ahmad Al-

Watarii>> dubbisaa.

Kitaaba kana keessatti Sheekh Ahmad Watar

Sheekkootii Irraa baraterraa Muraasa ni ibsa.

Kitaabni bali’naan Sanada Isaa walitti

dhaabbataa taheerraa dubbata. Akkas

jechuun Kitaaba tokko hanga Abbaa kitaaba

barreeyseetti, akkasumas hanga Rasuulaa

s.a.w gahutti Sheekha Isaa irraa eegalee,

Abalu abalurraa jechuun akka sanada itti qabu

ibsa.

Fakkeenyaaf Sahiiha Muslim Sheekh Aadam

Tuulaa, Sheekh Abuu Abdurhmaan Al-Madanii,

Sheekh Aadam Walloo fii warra biraarraan siif

odeeysa je’ee hanga dhumaa oofa.

Sheekh Adama Tuulaa ammo Sheekh Ebalu

jedhamurraa barate, Ebalu ammoo Abalurraa,

jechuun oofee Rasuula s.a.w biraan gaha.

Page 62: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

56

Jidduu Sheekh Ahmad Watarii fii Imaam Muslim

binu Al-Hajjaaj nama 23 jira. Hunda Isaanii bara

itti du’an, seenaa Isaanii guutuu himuudhaan

oofan. Sheekh Ahmad Watarii fii Nabiyyii Rabbii

s.a.w jidduu nama 27 jira. Akka fakkeenyatti

Sanada Sahiiha Muslima kanarraa akka

hubattaniif fide.

Haala kanaan Kitaaba Islaama keessatti

beekkamu hunda oofee ebaluurraa, eebaluun

ebalurraa, jechuun abbaa kitaabaatti geysa.

Muhaddisni beekkamaan kun Umrii Isaa guutuu

Ilmii akkatti haala kanaan baratee barsiisuun

dabarsee as gahe. Harargee Bahaa Oromiyaa

ganda Watar keeysaa beekkumsa fakkaataan

Isaa zamana kanatti bakka takkatti hin

argamne facaasaa ture, ammallee facaasaa

jira.

Harargee, Jimmaa, Arsii, Iluu Abbaa booraatti

Sheekni beekkamaan Ilmiin itti amanan kan

Sheekh Ahmad Watar bira hin dabrin akka

waan hin jirreeti.

Sheekkootii Inni barsiise lakkaawanii fixuun hin

dandahamu Amata 45 oliif nama kumaa

meeqaatamaan lakkaawamu barsiisaa jiran.

Page 63: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

57

Sheekh Ahmad Watar beekkumsaa Isaa tan

honga geysee fii dandeetti yaadachuu Isaa

ibsuuf fakkeenya tokko Isinitti haa garsiisuun

gahaadha.

Seenaa tana darsoota Isaarraa gurra kiyyaan

dhagaye. Gaafa tokko Shekkootii gurguddoo

Osoo barsiisaa jiranii tokko Hadiisarraa Isaan

gaafate. Hadiisni akkanaa kan sanadin Isaa

eebaluu fii ebaluu kan Sunana Abuu dawuud

keessa jiru da’iifa moo sahiiha? jechuun

gaafate. Sheekh Ahmad Watar deebii Isaa

deebisun duratti “Hadiisni ati jettu kunii fii

sanadni ati jettu kun Abuu Dawuud keessa hin

jiru.” Jechuun deebiseef. Sunana Abuu

dawuud keessa Hadiisa 5200 olitu jira.

Mee laali! Kitaaba Hadiisa 40 qabu haffazuu

dadhabnee jirra. Inni hadiisa Sunana Abuu

Dawuud keessa jiruu fii hin jirre addaan

babaasee beeka. Allaahu Akbar!

Sheekh Ahmad Watar Kitaaba Ulamaa’iin

Islaamaa katabde hunda kan Imaamu

Shaafi’ii, Imaamu Abuu Haniifaa, Imaamu

Ahmad, Imaamu Maalik, Imaamu Bukhaarii,

Imaam Muslim, Imaam Ibnu Khuzeeymaa,

Imaam Daaramii, Imaamu Al-Qurxubii,

Page 64: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

58

Imaamul Beeyhaqii, Imaam An-Nawawii,

Imaam Ibnu Teeymiyyaa, Imaam Ibnu Kasiir,

Imaam Ibnul Qayyim, Imaam Ibnu Abdul Bar,

Imamu Zahabii, Sheekh AbdulQaadir

Jeeylaanii, Sheekh Muhammad binu

Abdulwahhaab fii Kitaabuma Islaamaa kan

beekkamaa tahe hunda baratuu qofa osoo hin

taane sanadaan hanga nama barreeysee

hidhaa qaba. Ebelurraa ebalu naaf odeeysee

jechaa nama 10, 20, 30, eega lakkaawe booda

abbaa kitaabaa bira gaha.

Ilmiin Haala kanaan as geeyse! Aqiidaan

Islaamaa haala kanaan eeggamte.

Dr. Jeeylaan Kitaaba Sheekh Ahmad Watar

irratti dursituu barreeyseen “Sheekh Ahmad

Watar irra beekaa Ulamaa’ii teenyaati

jechuun” ragaa baheefii jira.

Sheekh Aadam Walloo kan Sunana Nasa’ii Ibsa

itti godhee adunyaa Islaamaa ajaa’ibsiise.

Sheekh Ahmad Watar waliin qunnamtii

Makkatti godheen, beekkumsa Isaanii eega

wal dura qabatan booda Kitaabban Ani

Sanadaan Odeeysu hunda akka narraa

odeeysitu Ijaazaa si kenne jechuun beekkumsa

Sheekh Ahmad Watariif ragaa bahee jira.

Page 65: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

59

Sheekh Ahmad Watar yoo argan nama

beekkumsa qabu hin fakkatu, namuma

Muslimaa tokko tahuu Isaa malee beekkumsa

Isaa wanni irraa mul’atu tokko hin jiru. If hin

guddisu, hin boonu, Adunyaarraa dantaa hin

qabu. Adunyaa quba hin qabu, Akhiiraa Isaatiif

carraaqatuu qofa dalagaan Isaa.

Sheekh Ahmad Watar Aqiidaan Isaa maal

fakkaatti kan je’uuf? Kitaaboota Inni

barsiisurraa beeku dandeenya.

Sheekni Bahar Beekkumsaa kuni Oromiyaa

Harargee Bahaa Watar jira.

Sheekha Rabbiin dalagaa Isaanii irraa haa

qeebalu.

Page 66: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

60

Sheekh Muhammad Amiin Al-

Karroo Sheekh Muhammad Amiin Abdullaahi

Oromticha.

Oromticha maqaa je’u anaa miti kan itti ide’e

Sheekni Kitaaba Isaa hundarratti (Al-Oromii)

Oromticha jechuun if yaama.

Bara 1930 (Akka Lakkoofsa faranjii)

Haramaayaa Ganda Karrootti dhalate.

Sheek Muhammad Amiin Al-Karroo jechuun

beekkama, Karroon ganda dhaloota Isaati,

Ganda naannoo Magaalaa Haramaayaa jirtu

takka.

Sheekni Joollummaan Quraana Isaa amata 6

fixee Ilmii biraa baratuu seene. Isaa amata 14

ammoo ni barsiisa, ni baratas. Ilmii Islaamaa tan

baratee hin haffaziin akka waan hin qabneeti.

Afaan Arabaa, Tafsiira, Fiqhii, Hadiisa, hunda

baratee eega hoonga gahe booda barsiisee

jira, barreeysee jira.

Eega shekkotii irraa barate hundarraa Ijaazaa

hayyama barsiisuu argate booda, Bara 1953

A.L.F Ganda Isaa Karrootti deebi’ee waan

Page 67: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

61

barate hunda barsiisuu jalqabe. Darasaa 700 ol

tahan barsiisuun eegale. Hundi waan adda

addaa baratan. Sheekni ganama salaata

Subhii irraa hanga Ishaa’ii barsiisaa ture. Halkan

ammoo ibaadaa fii Kitaaba dubbisutti bula.

Sa’aa 24 kheeysatti sa’aa 4 qofa rafuun aadaa

Isaati hanga arraatti.

Booda Gabrummaa amantii fii saba Isaa irratti

godhamtu jibbee qawwee bitatee

mootummaa nafxanyaa irratti Jihaada godhuu

eegale. Humni waraana Isaa fii meeshaan

jalaa dhumattee bakka ajjeefamuu gahetti

Rabbiin harka kaafiraati Isa baasee biyyaa

baqate.

Su’ud Arabiyaa hoggaa dhaqe Arabni sirraa

baranna jette jalatti hidhatte. Kolleejjii Hadiisaa

“Daarul Hadiisa” Makkatti argamu kheeysatti

amata 30 oliif Ulamaa’ii gurguddoo barsiisaa

ture. Kitaaba hedduu maxxansee jira.

Keessattuu Beekkumsa Afaan Arabaa “Nahwii”

“Sarfii” “Balaaghaa” fii waan akkasii keessatti

ilmi namaa kan yeroo ammaa kana Isatti

dhihaatu akka waan hin jirreeti je’an

Ulamaa’iin.

Page 68: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

62

Inni Muhaddisa, Muffassira, Faqiiha, Mu’allifa,

Imaama, Allaamaa, Beekaa, Hayyuudha.

Seenaa Sheekhaa namni haalaan baruu fedhe

kitaaba Isaa tokko bitee gama duraa irratti

dubbisuu ni dandaha.

Kitaabni Isaa hundi Afaan Arabaatiin

barreeyfame.

Fakkeenyaaf Kitaaba Isaa “Baakuuratul

Janniyyaah” Sharhii “Ajaruumii” Darsaan biyya

teenyaatii fii tan biyya birootis tan baranne waa

xiqqoodha.

Kitaaboonni Inni katabe hedduudha, Sanirraa:

1. Tafsiira Quraanaa Mujallada 33

2. Sharhii Muslim Mujallada 26

Lamaan kana qofa dubbachuun ni gaha.

Kataaboota Saayinsi Afaan Arabaa irratti

xiyyeefatan hedduu qaban, Hadiisaa fii Fiqhii

Shaafi’iyyaa irrattis ni qaban. Kitaabni Isaan

mata duree adda addaa irratti barreeysan 200

oli.

Umrii Isaan guutuu barnootaa fii barsiisutti

dabarsan. Ammallee waan ajaa’iba namatti

Page 69: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

63

tahu eega maanguddooman boodallee

katabuu hin dhaabne.

Mana Isaanii keessatti mana kitaabaa guddaa

qaban, Achi keessa oolanii bulan. Sa’aa 24

keessaa sa’aa 4 malee hirriba waan je’amu hin

beekan.

Waan kheeyrii tanarratti sa’aa dabarsuuf

hedduu bolalaniif namoota Isaan ziyaaruuf itti

dhaqullee daqiiqaa muraasaaf malee wajjiin

haasawu hin dhaqqaban jedhan.

Kitaaboota Hadiisaa kenneen hafan hunda

sharhii itti godhuuf akka carraaqaa jiran, warri

Dhiheenyaan Isaan beeku naaf ibsanii jiran.

Sheekhni Mazhaba Shaafi’ii kanuma dur

biyyatti baraterra jira, Aqiidaan ammo

Ahlusunnaa wal jama’aadha. Aqiidaa

salafaarra jira.

Mee Sheekha guddaa kana Aqiidaa Isaa xiqqo

irraa haa laallu.

Duratti Sheekni Aqiidaan Ashaa’iraa ture.

Zamana Isaan darasaa kitaabonni Aqiidaa

haalan biyya teenyatti barataman Kitaaba

Aqiidaa Ashaa’iraati. Kitaaba Aqiidaa Salafaa

Page 70: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

64

qulquluu ibsu biyya teenyatti argatuun waan

akka malee jabaatu. Ashaa’iraan Aqiidaan

Mu’atazilaa tan foyyoyte jechuudha.

Eegasii Shekhni Biyyaa bahanii kitaaboota

hedduu eega qoratan Aqiidaa Salafaa

Aqiidaa Ahlusunnaa Qulqulluu irratti akka

deebi’an Kitaaboota Isaa irratti ibsee jira.

Ani Kitaaba Isaa Tafsiira keessaa waaniin

argeen isiniif hima.

Sanirraa Ani kaniin itti xiyyefadhe waan

Ahbaashiin Halkanii guyyaa kijibsiistu, Sunis

Arshiirratti Ol tahuu Rabbiiti.

Sheekni Kitaaba Isaa kan Tafsiiraa Suuraa

A’araaf, Aayaata 54ffaa hoggaa sharhii godhu

(hoggaa Ibsu) akkana je’a:

“Rabbiin Arshiirratti ol tahe, Ol tahinsa guddina

Isaatiin malu.”

“Ol tahinsa Rabbii tan uumamaatti hin

fakkeeysinu, hin dinnu, ni sabachiifna. Akka

Isaan malutti ol tahe jechuu amanna, waan

Isaan hin malle hunda irraa qulqulleeysina. Ol

tahuu Rabbii Amanuun akkaataa ol tahinsa

Isaa beekutti hin haajamtu. Sahaabaan hundi,

Page 71: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

65

Imaamman Isaan boodaa hundi, ol tahuu

Rabbii keessatti wal hin dhabne. Rabi’ii Sheekni

Imaamu Maalik Rabbiin akkamitti ol tahe

jechuun gaafatamee, ‘Ol tahuun Rabbii

beekkamaadha, akkaataan hin beekkamu,

Ergaan tan Rabbiiti, Rasuulli s.a.w nuuf himee

jira, nuti ammoo amanuun dirqama keenya.’

Jechuun deebise.”

“Hafiz Ibnu Hajar “Mazhabni Salafaa, warri akka

Maalik, Owza’ii, Sowrii, Leeys binu Sa’id,

Shaafi’ii, Ahmad, Is’haaq binu Raahaweehi fii

Imaamman Muslimootaa hundi durii hanga

arraatti sifa Rabbii akkuma dhuftetti

sabachiisanii bira dabran, fakkeeysuu fii

akkaataa sifa Rabbii dhubbatuun maleetti.”

Nu’eymi binu Hammaad Sheekni Imaamul

Bukhaarii akki je’e:

“Namni Rabbi uumaa fakkaata je’ee

fakkeeyse kafare, Namni sifa Rabbiin ifiin

yaame dides kafare. Waan Rabbii fii Rasuulli

s.a.w Rabbiin Wassafan keessa fakkeeysuun hin

jiru. Namni sifa Rabbii tan Hadiisa sahiihaa fii

Quraana keessatti dhufte akka Rabbiin malutti

sabachiise, ammallee kan Rabbirraa waan

Page 72: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

66

Isaan hin malle qulqulleeyse, karaa qajeelaa

qabatee jira.”

Imaamu Ahmad akki je’e:

“Sifa Rabbii akkuma dhuftetti sabachiifnee bira

dabarra. Hin fakkeeysinu, hin dinnu, akkamittii

hin jennu, maaliif hin jennu. Rabbiin Arshiirratti

akka ifiif fedhetti ol tahe jechuu amanna.”

Qurxubiin akki je’e:

“Salafarraa namni tokkolleen Rabbiin Arshiirratti

ol tahuu hin falamne, garuu akkaataa ol

tahinsa Isaa hin beekan, akkaataa Rabbii

namni tokkolleen beekuu hin dandahu.”

Ragaan Asii olitti dubbiftan hundi Tafsiira

sheekhaa Suuraat Al-A’araaf: 54 irraahi

fuudhame.

Akkasuma Sheekni Suraa Xahaa Aayaata 5ffaa

biratti akkana je’a:

“Rabbiin akka Isaan malutti Arshiirratti ol tahe.

Akkasitti amannee sabachiifna, hin

fakkeeysinu, akkaataa hin gaafannu, hin

dinnu.”

Page 73: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

67

Gabaabinaan Aqiidaan Sheekha guddaa

kanaa Sifa Rabbii keessatti tana fakkaatti.

Dabalata ammo Kitaaboota Sheekhaa laaluun

Aqiidaa Ulamaa’ii teenyaa baruu ni

dandeenya.

Sheekhooti beekkumsa akkanaa qaban osoo

qabnu wannu Ahbaashii Libaanoosii nuuf

fidaniif hin jirtu.

Garuu nuti Yoo Ulamaaii teenya wallaalle isaan

maal haa godhan?

Page 74: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

68

Sheekh Aadam Tuulaa Sheekh Aadam Ahmad Hammarroo Al-Oromii

Goodina Harargee Bahaa, Aanaa

Kombolchaa, Tuulaa ganda je’amtutti Abbaan

Isaa Ahmad Hammarroo Amata 90 dura Ilma

Aadam je’ee Moggaase Rabbiin kenneef. Kan

booda Sheekha Sheekkootaa tahuuf taa’u.

Inni Ulamaa’ii biyyi teenya qabdu guddichaa fii

Hangafa. Barsiisaa ulamaa’ootaa, leenjisaa

Ustaazootaa, abbaa ilmaaniiti.

Barnoota Islaamaa joollummaan barachuu

jalqabe. Barnoonni Islaamaa Itti Mi’aawee

dargaggumma Isaa Beela, Oowwa, qabbana,

osoo hin janne barnootumarratti dabarse.

Ulamaa’ii akka aduutti dukkanna wallaalaa

ibsaa turan hunda irra deemee barnoota Isaan

qaban irraa fuudhatee jira.

Sheekootii Isaa Gurguddoo fii

Beekkamoo.

1. Sheekh Abdullaahi Tuquu Al-Oromii

Sheekh Abdullaahi Tuqoo addeeysaa Aqiidaa

fii Sunnaah, Mujaahida Harargee, Arsii fii Baalee

Towhiidaan Ibse ture. Abdullaahi Tuquu Bahara

Page 75: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

69

beekkumsa Islaamaa, Abbaa Hadiisaa fii

Towhiidaa kan miilaan Ilmii barbaada biyyaa

bahe, Eegas Doonii yaabbatee garaa Baharaa

gubbaa guyyaa 15 Nyaataa fii dhugaatii

malee taa’ee Makka gahuu dandahe. Biyyaa

fii Biyyaa alatti baratee Ulamaa’ii hanga

ammaa Towhiidaan biyya teenya Ibsaa jiran

barsiisee biraa Akhiiraa gale Rabbi Rahmata

haa godhuuf.

Sheekh Aadam Tuulaa Sheekkootii akkanaa

tanarraa barate.

Sheekh Ahmad Basiiraa

Inni haafiza hadiisa Rasuulaa s.a.w kan Ijaan hin

agarre ture. Sheekh Ahmad Basiiraa barnoota

barachuuf Hararghee ka’ee Jimmaa Abbaa

Jifaar hoggaa dhaqu Saahiba Isaatu harka

qabee Isaan deemaa ture. Waahilli Sheekh

Ahmad Basiiraa harka qabee karaa itti

garsiisaa, Harargeerraa Miilaan deemaa

Jimmaa Abbaa Jifaar guyyaa hedduu booda

hoggaa gahan, dhukkubsatee ciise. Maaliif

Dhukkubsate beeytaa? Sheekh Ahmad

Basiiraa Ijaan waan hin Agarreef saahiba Isaa

yeroo hedduu duubaa itti gufataa karaa

dheeraa deeman, Waahilli Isaa miilli Isaa gama

Page 76: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

70

hirphaa gadiitiin dhiiguu fii Madaawuu jalqabe.

Garuu hanga Jimmaa gahanii Obsee

deemaanii ture. Jimma hoggaa gahan garuu

dhukkubsatee baati oliif ciise jedhan.

Sheekni Sheekkootaa Sheekh Aadam Tuulaa

Barsiistoota akkanaa hedduu irra deemee irraa

barate. Hundi Isaanii Ijaazaa/ hayyamaa

barsiisuu fii Fatwaa godhuu kennaniifii

gaggeeysan.

Sheekh Aadam Tuulaa haala kanaan barsiisuuf

gad taa’e. Amata 60 oliif barsiisaati jiruu Isaa

dabarse.

BARSIISUU JALQABUU ISAA

Sheekni Sheekkootaa Sheekh Aadam Tuulaa

Harargee Bahaa Aanaa Dirree Xayyaaraa,

Aradaa Suqul keessatti waan amata 30 oliif

deemee barate barsiisuuf Majlisa

barnootaa/Yuniivarsiitii Islaamaa tan Majlisa

Sheekh Aadam Tuulaatiin beekkamtu gad

dhaabe.

Sheekharraa baratuuf Ilmii namaa Hararghee,

Jimmaa, IluuAbbaa Booraa, Arsii, Baalee,

Page 77: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

71

Wallaggaa fii Kafaa irraa lakkoofsa hedduun

dhufuu jalqabe.

Sheekni Salaata Subhii booda barsiisuu

jalqaba. Hanga Asrii barnoonni adda addaa itti

fufa. Nyaataa fii dhugaati wanni je’amu jidduu

tana hin jiru. Salaataa fii barsiisuu qofa.

Hadiisaa, Fiqhii, Towhiida, Tafsiira Gosti

barnootaa hedduutu baratama. Baratoonni

Isaanii 1500 hanga 2000 amata guutuu ji’a

Ramadaanaa malee ni baratan.

Sheekni Sheekkootaa Sheekh Aadam Tuulaa

Ulamaa’ii akka Isaa hedduutu Isarratti barate.

Inni beekaa Hadiisaati. Umrii nama tokkoo

waan tahuu amata 60 ol barsiisummaan itti

fufanii jiran.

Sheekkootii Isa biratti baratan keessaa Haafiza

Hadiisaatii fii barsiisaa Ulamaa’ootaa Sheekh

Ahmad Watar, Sheekh Usmaan, Sheekh Aliyyi

Fallaanaa, Sheekh Muhammad Zabuur fii

Ulamaa’oonni biroo hedduudha.

Sheekkootiin yeroo ammaa majlisa barsiisaa

jiran tan Isaan bira hin dabrin waa xiqqoodha.

Page 78: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

72

Sheekni Sheekkootaa Sheekh Aadam Tuulaa

arrallee hin dadhabne, hin hifanne barsiisuu,

gorsuu, Haqa dubbachuu, Aqiidaa Salafaa

Qulqulluu facaasuu, warra bid’aa ragaan

saaxiluu itti fufee jira.

Sheekhni Amata dheeraaf waan barsiisaa jiruuf

Abbaa barsiisee, Ilmoo barsiisee, Ilmoo Ilmoo

barsiise jira.

Suni akkamitti tahe yoo jette? Kunoo dubbiin

akkana, Sheekha bira darsaan tokko gaafa Inni

dura barsiisuuf gad taa’e, Isaa dardaraa bira

dhufee baratee Sheekni barsiisuuf hayyameefii

biraa deeme. Inni Sheekha tahe kuni Ilmoo

dhalee Sheekh Adam Tuulaa biratti erge, Inni

kunis baratee biraa bahe, Ilmoo Isaa itti erge,

amma kan sadeeysoo kuni Majlisa sheekhaatti

barataa jira.

Amata sagaltama dabran jedhama umriin

Isaanii garuu akka nama amata 19tti Halkanii

guyyaa barsiisuu fii ifiif dubbisuun dabarsan.

Waan Amantii Islaamaa faalleeysu, Jallinoota

adda addaa karaa bareedaa Quraanaa fii

Hadiisaatiin Ummataaf ni ibsan.

Page 79: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

73

Sheekni Darasaa qofa osoo hin taane warra

biyyaa guutuu Abbaa fii Ilmaanis walumaan

sagantaa barnootaa godheefii barsiisaa jira.

Kana hunda wajjiin kitaaballee qopheeysee

jira. Gariin Afaan Oromootiin, gariin ammo

Afaan Arabaatiin qopheeyfamee jira

Maxxanfamuu baatus.

Sheekh Aadam Tuulaa Zamana mootummaa

dabree keessa akka biyyaa bahuuf dhibbaan

adda addaa itti godhamtee turte, Garuu

didee Obsaan ummata barsiisuu filate.

Mootummaan Dargii ummata barsiisuu

Sheekhaa waan jibbeef amata lamaaf Hararitti

badii malee hidhee miidhaa qaamaa hedduu

irraan gahee jira. Sheekni san hunda booda

hoggaa bahan akkuma nama imaltuu

deemee dhufee tokkotti barsiisurra gad

taa’aan.

Sheekni Sheekkootaa Tuminsa dur tumamerraa

kan ka’e godaanisa guddaa Milarraa qaban,

Miilli yeroo garii tumaa sanirraa Isaan

dhukkuba.

Page 80: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

74

Rabbiin irraa haa jaalatu Sheekha

Sheekkootaa Sheekh Aadam Tuulaa.

Aqiidaa Sheekhaa

Aqiidaan Sheekhaa Aqiida Islaamaa

Qulqulluudha. Kanas kan beeynuun kitaaboota

Aqiidaa Isaan barsiisaa jiraniin.

Aqiidaa Xahaawiyyaa

Aqiidaa Waasixiyyaa

Kitaabu Towhiid fii Kitaaboota Aqiidaa

Salafaa qulqulluu addaan namaaf

baasu hunda barsiisuun Dukkana Shirkii

dura dhaabbachaa turan.

Ahbaashiin gaafa dhuftee Ulamaa’ii teenya

arrabsuu jalqabde Mormii beekkumsarratti

irkate ummata duratti baanee goona, feetan

TVn dabarsaa koottaa ykn nu yaamaa je’ee

yaamicha dabarsee ture. Garuu Ahbaashiin

Jaahiloonni akka ummata duratti hin

saaxilamneef diddee Isaan duubaa kijibaa fii

Maallaqaan nama sobuu itti fufte.

Sheekh Adam Tuulaa Nama haala gaarii qabu,

Abbaa ilmaaniit. Darsoota Isaatis akka Ilmaan

Isatti Jaalata. If tulummaa fii beekkumsa

Page 81: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

75

qabuun if guddisuun Isa bira hin jirtu. Amantiin

Rabbii yoo tuqamte ammoo sodaa malee dura

dhaabbatee ibsa, jallina warra Jallatee

hawaasaaf Ibsee karaa haqaa itti garsiisa.

Sheekkootii akkanaa hawaasni qabu akkamitti

Jaahiloota Ahbaashii irraa leenjiin kennamtiif?

Silaa Ulamaa’ii teenyaatu Ahbaashii fii warra

Isaan mooggaa fiigu hunda walitti qabee

leenjisuu haqa godhate.

Garuu dubbiin faallaa taate!

Page 82: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

76

Abdullaahi Tuqoo

Sheekh Abdullaahi Tuquu Al-Oromii jechuun

beekkama.

Inni addeeysaa Aqiidaa fii Sunnaah, Barsiisaa

Harargee, Arsii fii Baalee Towhiidaan Ibse ture.

Abdullaahi Tuquu Bahara beekkumsa

Islaamaa, Abbaa Hadiisaa fii Towhiidaa kan

miilaan Ilmii barbaada biyyaa bahe, Eegas

Doonii yaabbatee garaa Baharaa gubbaa

guyyaa 15 Nyaataa fii dhugaatii malee

dabarse, San hunda booda Makkaa gahuu

dandahe. Biyyaa fii Biyyaa alatti baratee

Ulamaa’ii hanga ammaa Towhiidaan biyya

teenya Ibsaa jiran barsiisee biraa Akhiiraa gale,

Rabbi Rahmata haa godhuuf.

Sheekh Abdullaahi Tuqoo Harargee Bahaa

Fadisitti dhalate, Ilmii barates deebi’ee

achummatti barsiisaa ture. Hanga Towhiidaaf

jecha tumamee, hidhamee, balaa hedduu

dabarsu gahee ture. Tuminsa mana hidhaatti

irra gaheen Gurri Isaa duudaa hin dhageenya

tahutti dhihaate. San hunda wajjiin Haqa

addeeysuu fii Towhiidaaf tumsuu irraa hin

Page 83: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

77

deebine. Bid’aa fii Shirkii Beekkumsaan dura

dhaabbatee hawaasa towhiida qabsiise.

Ulamaaiin gurguddoon bakka hundaa gama

Isaa dhufuun irratti baratuu turan. Darasaan

Majlisa Isaa keessatti barataa turte 500-1000

akka tahan Ulamaa'oonni Isarratti barataa

turan Ragaa bahanii jiran.

Sheekh Abdullaahi Tuqoo Kitaaboota Hadiisaa

hunda, Fiqh fii Kitaaba Aqiidaa barsiisaa ture.

Kitaaba Aqiidaa Xahawiiyyaa, Aqiidatul

Waasixiyyaa, Kitaabu Towhiid fii kana Malees

kitaaboota Aqiidaa kan biroo barsiisuun

beekkaman.

Akka Ulamaa'oonni himanitti Inni nama yeroo

duraatiif Kitaaboota Hadiisaa fii Aqiidaa

barsiisuun, majlisa gad dhaabe jedhan,

Ulamaa’iin biroolleen takka takka tan Hadiisa

barsiistu kanuma jirtu guddinaan Majlisni Fiqhii fii

Waan Afaan Arabaatti dhaabbatu barsiisuun

beekkama yeroo san.

Majlisa Isaatti barsiisaa oolee, ifiif qotataa, Ifiif

haramata, Bishaan ifiif obaafataa jiruu Jiraataa

ture. Inumaa If bira dabree Yataamaa fii

Hiyyeeyyi gargaaraa ture. Sheekhootiin

Page 84: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

78

dalagaa dhiiftee namarratti irkachaa

jiraachuun sirri miti jechuun Ifumaaf qotatee

Jiraachuun barsiisaa ture.

Majlisa Isaatti Salaata Subhii booda Kitaaboota

Hadiisaa gabaabaa "Riyaadu Saalihin",

Buluughul Maraam", fii k.k.f Barsiisa. Yeroo

sa'aan faxaraa dabarte "Tafsiira Ibnu Kasiir"

barsiisa, Yeroo sa'aan Duhaa dhihaate "Sahiiha

Bukhaarii" hanga Zuhritti barsiisa.

Muftii zamana Isaa, Aaliim biyyaa Sheekh

Abdullaahi Tuqoo Rabbi Rahmata haa

godhuuf.

Ulamaaii Inni barsiise keeysaa:

1. Sheekha Sheekkootaa Sheekh Aadam

Tuulaa

2. Sheekha Sheekhootaa Sheekh Ahmad

Watar

3. Sheekha Sheekkootaa Sheekh Haaji

Yuusuf Ciroo

4. Sheekh Husseen Zubeeyr Mansuur Baalee

(Sheekh Husseen Fadis) jechuun kan

beekkamu.

Kanneen biroo hedduu lakkoofsa Isaanii Rabbi

haa beekhu.

Page 85: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

79

Aqiidaan Sheekh Abdullaahi Tuqoo Aqiidaa

warra Sunnaah qulquluu tan Rasuula s.a.w irraa

eegaltee hanga guyyaa Qiyaamaa turtu akka

taate Ulamaa’oonni Isarraa baratan ragaa

bahaniifii jiran.

Aqiidaan Isaa Kitaaboota Inni barsiisaa tureen

beekkamti: Tafsiira, Hadiisa, Aqiidaa

xahawiyyaa, Aqiidaa Waasixiyyaa fii Kitaabu

Towhiidi. Sun ammoo Aqiidaa Ahlusunnaa wal

Jama’aati.

Seenaa Sheekh Abdullaahi Tuqoo daran

hubachuuf.

Ulamaa'oota lubbuun jiran kenneen

gaafadhaa:

1. Dr. Jeylaan Kadiir Gammadaa

2. Haajii Yusuuf Ciroo

3. Sheekh Aadam Tuulaa

4. Sheekh Ahmad water

Sheeka Sheekkootaa Sheekh Abdullaahi Tuqoo

Rabbii Rahmata haa godhuuf.

Page 86: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

80

Sheekh Muhammad Amaan Alii

Jaamii

Sheekh Muhammad Amaan Alii Jaamii Al-

Oromii.

Sheekni bara 1349 Hijiraa ykn bara 1930 A.L.f,

Harargee Lixaa DhagaDhaab ganda je’amtu

dhalate.

Joollummaan ganda Isaa Dhagadhaabitti

barnoota shari’aa Quraana, Fiqhii Shaafi’ii,

Afaan Arabaa baratee jira. San booda Sheeyni

ganda Isaatii deemee biyya keessa bakka

adda addaatti barnoota Islaamaa

waraabbatee jira. Kitaaboota hedduu

haffazee jira.

Booda Hajjiif gama Makkaa karaa seene.

Somaaliyaan Doonii yabbaatee Yaman

keessaan Su’ud Arabiyaa dhaqe.

Sheekhni Biyyatti Ilmii Ulamaa’oota keenyarraa

gosa hedduu baratee eega haffaze biyyaa

bahe. Garuu Hoggaa Su’udii dhaqes akkuma

haarawatti Ilmii barachurra gad taa’e.

Page 87: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

81

Ulamaa’ii gurguddoo Su’udii jiran hundarra

deemuun ilmii irraa fudhatee jira.

Barnoota ammayyaatiin mana barnoota

sadarkaa 2ffaa xumuree Digrii duraa fudhate.

Achitti hin dhaabbane barnoota Isaa itti fufe,

Maastar (Digrii Lammadaa) Punjaab

Paakistaanirraa fudhate, Doktara (PHD)

ammoo biyya Misraa Kaayroo (Daarul Uluum)

irraa fudhate.

Sheekni hanga baratu kana hunda waan

ammayyaatis fudhachuu fedheeti malee Ilmii

biyyarraa eegalee qabaachuu ture. Osuma

Ulamaa’ii tahee jiru barnoota kana hunda

baratee jira.

Sheekni bahara Ilmi erga tahe booda

barsiisurra gad taa’e. Su’udii Masjida Nabii

s.a.w keessatti, Yunivarsiitii Madiinaa fii bakka

adda addaatti barsiisee jira.

Nama beekaa biyyi hundi waan jaalattuuf

Su’udiin Lammummaa Kenniteefii jirti. Hangan

Ani dhagayetti Sheekkootii Oromoo Keessaa

kan Jinsiyyaa (Lammummaa) Su’udi argate Isa

qofa. Inni Ulamaa’ii Su’udii gurguddoo barsiisee

Page 88: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

82

jira. Yunivarsiitii Madiinaatti Damee (Faculty)

Aqiidaa keessatti itti gaafatamaa ture.

Ulamaa’iin Gurguddoon akka Ibnu Baaz,

Saalah Al-Fowzaan fii kenneen biroo Sadarkaa

beekkumsa Isaatii fii qulqullina Aqiidaa Isaatiif

ragaa bahanii jiran.

Hoggaa Madiinaatti Yunivarsiitiin Islaamaa

banamte warra dura Sheekh Ibnu Baaz akka

Aqiidaa barsiisan itti amanee file keessaa

Sheekhni Hangafa.

Sheekhni Barsiisaa Aqiidaa qulqulluuti ture.

Afrikaa biyyoota adda addaa keeysa deemee

Karaa Qajeelaa Salafootatti Muslimoota

gorsaa ture. Ulamaa’ii Oromoo tan

Mootummaan biyyaa ariite Su’uditti akka

kabajamanii barsiistoota tahan haala

mijjeeysaa fii ture.

Gabrummaa Amantii fii sabummaan ummata

keenyarratti Mootummoonni adda addaa

gaggeeysaa turan katabee Ummata keenya

Araboonni akka gargaaran kakkaasaa ture.

Jaarraa Abbaa Gadaatiif Qabsoo Inni godhaa

turerratti Qabeenyaa fii yaadaan gargaarsa

godheefii jira.

Page 89: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

83

Sheekha kana ani seenaa Isaa himee fixu hin

dandahu, web site Isaa seenuun dubbisuu ni

dandeessan.

Sheekhni Rabbi Rahmata haa godhuufii

Kitaaboota Aqiidaa Ahlusunnaa Ibsan hedduu

barsiisaa turan. Hoggaa Yunivarsiitii Barsiisanii

irraa bahan, Masjida Nabii s.a.w keessatti

Ulamaa’oota barsiisuu fii fatwa godhuun

dabarsan. Biyya adda addaa keessa deemanii

Aqiidaa Sunnaah Ibsuun akkasumas Bid’aa fii

Shrikiin Saaxiluun irraa dinniinuuf hirriba hin

qaban ture. Heddummina dalagaa tana

hundaati wajjiin Kitaaboota Muslimoota

Adunyaa fayyadan hedduu gumaachanii

Jiran.

Kitaaboonni Isaanii guddinaan Aqiidaa ibsuu fii

Jallina Saaxilurratti xiyyeefatan.

Sanirraa:

1. Sharhu Usuul As-salaasaa (Usuul As-

salaasaa ballisee Ibsa)

2. Aqiidatul Islaamiyyaah wa Taarikhihaa

(Aqiidaa Islaamaa fii Seenaa isii irraa

dubbata)

Page 90: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

84

3. As-Sifaatul Ilaahii Fil Kitaabi wa sunnati

Nabawiyyaah

4. Hal ta’arfu Sha’bal Oromoo Al-Muslim (Sa

Saba Oromoo Muslimticha ni beeytaa)

jechuun waa’ee Oromoo katabanii jiran.

Kana malee Kitaaboota biroo hedduu qaba

namni argachuu fedhe website Isaanii haa

laalu.

Kunoo web sitiin Isaa: http://www.eljame.com/

Namni hundi Adunyaa tanarra hanga Rabbi

Isaaf hayyame qofa jiraata, Sheeknis dalagaa

Isaa waan Rabbiin Isaaf laaffise karaa Isaa

keessatti carraaqaa eega dabarse booda

baatii Sha’baanaa guyyaa 20, bara 1416 hijiraa

ykn 2005 dhukkubsatee du’e.

Qabrii Sahaabootaa Baqi’ii Al-Gharqad

Madiinaatti Awwaalame.

Ulamaa’iin gaafa Inni du’e akka malee Rifatan

keessaa tokko Sheekh Ibnu Baaz ture. Gaafa

du’a Isaa dhagaye Ibnu Baaz akkana je’e:

“Inni na biratti nama sadarkaa ilmiitii fii Aqiidaa

gaariin beekkamu, Gama Rabbii nama

Yaamuuf Nashaaxa/mirqaana guddaa

Page 91: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

85

qabaachuu ture akkasumas Bid’aa fii jallinoota

adda addaa irraa dinniinaa ture. Rabbi Isaaf

haa araaramu, Jannata Isaa Bal’oo keessa Isa

haa qubsiisu, Ilmaan Isaatillee haa qajeelchuuf.

Rabbiin Isaa fii nullee ganda Isaa tan kabajaa

sanitti walitti nu haa qabu.” Sheekh Ibnu Baaz

Ramadaan 1 bara 1417 Hijiraa akkana je’e.

Sheekha Rabbi rahmata haa godhuuf.

AQIIDAA ISAA GABAABDUU

Aqiidaa Sheekhatti hoggaa seenne, Inni duree

Aqiidaa Ahlusunnaa turre, Itti gaafatamaa

damee Aqiidaa kan Yunivarsiitii Madiinaati.

Kitaaboonni Isaatii fii Muhaadaraaleen Isaa tan

warraabamtee jirtu Aqiidaa Isaatiif ragaadha.

Aqiidaan Sheekhaa Gabaabinaan Aqiidaa

warra Ahlusunnaati, Isiif tumsaa jiruu Isaa

guutuu dabarse.

Ahbaashii fii fakkaattuu Isii hunda ragaa

Quraanaa fii Hadiisaatiin Albaasaa ture.

Aqiidaa Isaa irraa waa xiqqo. Kitaaba Isaa

Sharhu Usuul Salaasaa fii Sifaatul Ilaahi qofarra

bakka Ahbaashiin hedduu falamtu qofan

Page 92: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

86

dhiheeysa. Namni dabalataan dubbisuu fedhe

Kitaaboota lamaan haa laalu.

1. Rabbiin Arshii Isaarratti ol tahuu fii Uumaa

Isaati ol jiraachuun haqa.

Sheekhni Akkana je’a: “Dhugumatti Rabbiin

Arshiirratti ol tahuun Isaa Quraana keessatti

Aayata Torba keessatti dubbatame. <Istawaa>

Ol tahuu Aayaanni ibistuu tartiiba Suuraatiin

akka Armaan gadiiti taha: Al-A’araaf: Aayaata

54ffaa, Yuunus: 3ffaa, Ar-Ra’ad: 2ffaa, Xahaa:

5ffaa, Al-Furqaan: 59ffaa, As-Saajidaa: 4ffaa,

Al-Hadiid: 4ffaa.

Aayaatoonni kun hundi Rabbiin Arshiirratti ol

tahuu sabachiisan. Akkasumas Aayaatoota

biroo hedduu fii Hadiisoota hedduutu jira, kan

hiikkaan aayaatoota Arshiirratti ol tahuu Ibsitu

san fakkaatu. Ammoo Aayaatoonni torban sun

<<Istawaa>> jechuun Rabbiin eega dachii fii

Samii uume akka Isaan malutti Arshiirratti ol

tahuu Isaaf sabachiifti.”

Sifaatul Ilaahii: 225-226

Page 93: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

87

2. Gad bu’insa Rabbi akkuma Hadiisaan

dhufetti gama samii duniyaa gad bu’a,

bu’insa Isaan male.

Sheekhni siif gad bu’insaa ilaalchisee akkana

je’e:

“Hadiisooleen gad bu’insa Rabbii sabachiisan

hedduutu dhufe, Imaam ibnu Teeymiyyaan

Hadiisa Mutawaatira (lakkoysa hedduun)

odeeyse je’een, Haafiz Ibnu Abdul Bar

akkasuma Hadiisni gad bu’insa Rabbii himu

Mutawaatira karaa hedduun odeeyfame

jechuun addeeyse.

Imaam Az-Zahabiin Imaamoota lamaan Ibnu

Teeymiyaa fii Ibnu Abdul Bar deeggaree

akkana je’e: <Hadiisa gad bu’insa himu san

Jildii (mujallada) tokkotti katabeetin ture,

Hadiisni sun Mutawaatira karaa hedduun

odeeyfame jechuu itti mirkaneeyfadheetin

jira.>

Hadiisoota sanirraa:

Hadiisa Abuu Hureeyraan Nabiyyirra

odeeysu s.a.w:

Page 94: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

88

“Gad bu’a Rabbiin keenya halkan hunda

hoggaa harki sadii halkanirraa dabre. Rabbiin

<<Ani Mootiidha eenyu kan na gaafatu nin

kennaafi? Eenyu kan na khadhatu Isaafiin

awwaadha? Eenyuutu Araarama narra

barbaada nin araaramaafii?>> je’a.”

Sheekhni ragaalee hedduu Hadiisaa fii

jechoota Ulamaa’ii fidee akkasumas warra

didu hunda kijiba Isaanii saaxile.

Dhumarratti wanni inni fixeen Rabbiin gad bu’a

akkuma hadiisaan sabate. Kana bira dabarree

humaa itti hin idaanu gad bu’insa isaan male

gad bu’a jennee bira dabarra akkuma warra

salafa nu dura dabree.

Sifaatul Ilaahi: 252-256

Haaluma kanaan sheekhni Sifoota

Rabbiin ifin yaamee fii Nabiyyiin Isaa

s.a.w isaan yaame tartiibaan sabachiisuu

itti fufa.

Namni Aqiidaa Ahlusunnaa Siifaa fii maqaa

Rabbii kheeysatti gadi fageenyaan hubachuu

fedhe, akkasumas kan jallina warra jallatee

Page 95: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

89

adda baruu fedhe Kitaaba Sheekhaa As-

Sifaatul Ilaahi haa laalu.

Namni Aqiidaa Isaa tan Towhiida Ibaadaa fii

hiikkaa jecha Laa Ilaaha Illallaah baruu fedhe

Kitaaba Isaa Sharhu Usuul Salaasaa haa laau.

Sheekh Keenya Rabbiin Rahmata haa

godhuuf.

Page 96: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

90

Sheekh Muhammad Rashaad

Dr. Sheekh Muhammad Rashaad Abdullee

Bara 1934 Abbaa Isaa Kabiir Abdullee Kabiir

Muummayyaa fii Haadha Isaa Faaximaa

Shurraa Irraa dhalatan. Bakki Dhaloota Isaa

Ammoo Goodina Harargee Lixaa Laga Arbaa

bakka jedhamutti.

Joollummaaan Abbaa Isaa Kabiir Abdullee

irratti Quraana irraa eegalee barnoota

jalqabaa baratee jira. Abbaan Isaa Ilma Isaa

Sheek Muhammad Rashaad ilmiif kennee

deemii baradhu je’ee Eebbiseen. Sheek

Muhammad Rashaad haaluma saniin

barnoota biyya keessatti barataa erga ture.

Hajjii fi Umraaf gama Su’udii deeme.

Achiin Filisxeemii Fii Shaam ykn Suriyaatti

barachuu jalqabe. Barnoonni Inni

Shaam/Suriyaatti barataa ture Barnoota

Islaamaa gosa hunda ture garuu dipiloomaa fii

digrii wanni je’amu achi hin jiru. Akkuma

Ulamaaii durii baratanii Ijaazaa ykn barsiisuuf

hayyama fudhatan.

Page 97: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

91

Sadarkaa Muftummaa erga gahan Booda

Azhar Osuma Ilmii qabuu seenee barachuu

jalqabe. Bara 1962 Usuulu diiniin tokkoffaa

bahuun Preezidaantii Misraa kan yeroo sanii

Jamaal Abdu Naasir irraa badhaasa fudhate.

San booda Azhariin Somaaliyaa keeysatti akka

barsiisu ramadame. Somaaliyaatti madarsaa

barsiisaa Qorannoo Afaan Oromoo fii

Somaalee irratti godheen Qubee Afaan

oromoo tan amma itti fayyadamaa jirru tana

waan qopheeyseef Doktorummaa Isaa

argatee jira.

Bara 1965 – 1984 Raadiyoo Moqaadishoo jiruun

Afaan Oromootiin Seenaa fii barnoota

Islaamaa ummata Isaa barsiisaa ture. Inni Dura

nama afaan Oromootiin Raadiyoo

Moqaadishoo keeysaa dhagayamee ture.

Kitaaboota hedduu Afaan Oromootiin hiikuun

saba Isaa guutuu fayyaduu dandahee jira.

• Tafsiira Afaan Oromoo Sagalee fii

barruun qopheeysuuf amata 20 ol itti rakkatee

hawaasa biraan gahuu dandahee jira. Tafsiira

Afaan Oromoo yeroo duraatiif namni sagalee

Page 98: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

92

fii barrun qopheeyse Sheek Muhammad

Rashaad Abdulleeti.

Kitaaboota biraa hedduu qopheeysee jira

sanirraa:

Aqiidaa Xahawiyyaah

Arba’iin Nawawii

kitaaba Guddina nabi Muhammed

Rabbi biraa qabu namaa ibsu

Abuu Shujaa fi kitaaboota 20 ol

qopheeysee jira.

Kitaaboota qopheeysu kana hunda

maallaqaaf osoo hin taane Ummata Isaa

fayyaduu qofaaf qopheeysaa ture. Inni

Kitaaba gurgurate tokko hin qabu.

Qopheeysee warra maxxansuu itti barbaadee,

erga maxxanfame booda warra biyya Isaaf

geysee hawaasaan Isaaf gahu barbaadee,

Hawaasaan gaha. Kana hunda godhaa ture.

Bara 2009 Dr. Muhammad Rashaad gama

biyyaa deebi’ee jiraachuu jalqabe.

Aadaamaa qubatee waan dandahe

barreeysuu itti fufe.

Page 99: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

93

Bara 2011 gama dhumaa Ahbaashii amantiin

je’amtu Haarawni biyya seente. Sheek

Muhammad Rashaad waan jijjirame hunda

quba hin qabu ture. Akka tasaa warri Majlisaa

Wallaansa siif goona jechuun fuudhanii

Finfinnee geysan, Finfinnee Hooteelatti

Mootummaarraa namni itti dhufee Oromoon

waan si jaalattuuf wal gahii majlisaa irratti

waa’ee Abdullaahi Hararii dubbadhuu je’aniin.

Dr. Muhammad Rashaad, bara 1957

Abdullaahi Hararii Suriyaatti addaan erga bahe

walitti hin deebine. Garuu bara 1957 dura

Abdullaahi Harariin Sheeka Suufiyyaa tahuu

Isaa argee jira, bara san qaalichii falsafaa

haarawa Ahbaashii je’amtu hin uumne ture.

Kanaaf namicha bara 1957 tti addaan bahe

san faarsee akka Inni nama nagayaa tahe

dubbataa ture.

Abdullaahi Hararii Jallinaan daangaa dabre

bara 1983 Ahbaash amantii je’amtu uumee jira.

Dr. Muhammad Rashaad ammoo bara 1957

Isaan adda bahe. San booda waan argamee

fii waan tahe quba waan hin qabneef waan

dur beekuun walgahii Majlisaa Irratti Osoo hin

feene argamee Abdullaahi Hararii faarsee jira.

Page 100: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

94

Booda Sheekh Dr. Muhammad Rashaad

Aqiidaan haarawni akka biyya seente

dhageenyaan irraa qulqullaawee labsa

baasee jira. Osoo namni tokko dubbachuu

sodaatu Sheek Muhammad Rashaad sodaa

takka malee labsa baasee Aqiidaa Isaa akka

hin jijjirin akka Tafsiiraa fii Aqiidaa Xahawiyyaa

Isaa namni laalee Aqiidaa Isaa hubatu

yaamicha dabarse.

Sababaa Labsa baasee Aqiidaa Isaa tan

duraa irratti sabateef, Sababaa Aqiidaan tiyya

tafsiiraa fii Aqiidaa xahawiyyaan ani barreeyse

sani jedheef, dhiibbbaan adda addaa bakka

ciisutti irratti godhamaa turte. Bilbilaan

sodaachisuu fii arrabsuun yeroo dheeraaf erga

itti fufan booda, mana Aadaamaa kan keeysa

jiraachaa ture keeysaa Ari’amee Dirree

Dawaatti galuuf dirqame.

Diree Dawaatti dhukkubni itti jabaate wallansa

irra Osoo jiruu duuti nama hundarraa hin hafne

itti dhuftee may 25 bara 2013 Adunyaarra

gama Akhiiraa godaane.

Dr. Muhammad Rashaad seenaa

dubbatamtee hin dhumne dalagee jira.

Page 101: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

95

Saba ifiitiif waan dandahame hunda

dalaguudhaan Sheek Muhammad Rashaad

fakkenya addaa nuuf taha, Inni Sheekha,

Gaazeexeeysaa, walaleeysaa, barreeysaa,

barsiisaa, qabsaawaa fii Abbaa Seenaa,

Abbaa Qubee Afaan Oromooti ture.

Rabbi Rahmata haa godhuuf.

AQIIDAA DR. MUHAMMAD RASHAAD

Hoggaa gama Aqiidaa Isaa seenne, Kitaabni

Aqiidaa Xahawiyyaa Afaan Oromootiin Inni

hiikee fii Tafsiirri gahaadha. Ani Kitaaba lamaan

san hundi keessan akka dubbiftan Isin afeera.

Hiikaa Towhiidaa Sheek Dr. Muhammad

Rashaad Abdullee akka Armaan gadii

kanattii hiika.

“Laa ilaaha illallaahu jechuun: Rabbii tokkicha

malee, kan ibaadaa akka salaataa,

soomanaa, Isaaf waa qalu’uu, Isa kadhatuuu

haqa godhatu hin jiru; kan sifa akka sifa Isaa

qabu hin jiru; kan humna wahiin argamsiisu

qabu, kan sifa waa hundaan beekuu qabu hin

jiru, tanaaf jecha kan waa uumu Isa malee hin

jiru. Rabbiin tokkichaa yaadun, waan biraatif,

Page 102: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

96

sifa akka sifa isaa kennuu dhabuu ammallee

nama biraatu, waa uumaa, nama razaqaa,

ilmoo namaa kennaa, nama ajjeesaa yaaduu

dhabuu. Ammallee nama Isan tayeniitu

ibaadaa haqa godhataa, yaaduu dhabuu.

Namni Rabbiin tokkichaa yaadaa, waan biraa

ibaadu (gabbaru), iimaana hin qabu.”

Sharhu Matnil Aqiidatixxahawiyyaa, fuula: 1

Sheekhni Haala kanaan Towhiida

sadeen Afaan Oromootiin Ibsa.

kunii qooda Towhiidaa sadeen Afaan

Oromootiin Ibsuudha, Kan Ibaadaa akka

kadhachuu haqa godhatu hin jiru Rabbi malee

(Towhiidul Uluuhiyyaa je’ama), Kan siifa akka

sifa Isaa qabu hin jiru (Towhiidul Asmaa wasifaat

je’ama), kan waa uumu Isa malee hin jiru

(towhiidu Rubuubiyyaa je’ama).

Gabaabinnatti kuni Towhiida Sadeen itti

amanuun dirqamaati. Namni tokko sadii je’ee

qoodee dubbachuu baatullee yoo akka

sheekhni Afaaniin Ibse kanatti amane sadeen

barbaachisaa tahe sanitti amane jechuudha.

Page 103: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

97

SIFA RABBII KEESSATTI SHEEKNI MAAL JE’E?

Sheekhni Sifoota Rabbii akka dhuftetti

sabachiisuun akka dirqama tahe dubbata.

Akkasumas fakkeeysuu fii akkaataa Isii

dubbachuun dhorgaa akka tahe

akeekkachiisa.

Sanirraa:

Arshiirratti Ol tahuu Rabbii Ilaalchisee

“Rabbiin Arshii irratti ol taye, ol tayinsa Isaan

malu kan waan takkaatti isa fakkeesun keessa

hin jirre, kan waan inni ifiin yaame diduun keesa

hin jirre, maalif Rabbi waan uumametti

fakkeessun kufrii waan Rabbiin ifiin yaame

diduunis kufrii”

Tafsiira Quraanaa Suuraa Xaahaa: 5

Haaluma Quraana keessatti Rabbiin Arshiirratti

ol tahuu sabachiise kanaan Kitaaba Aqiidaa

xahawiyyaah keessattillee sabachiisee jira.

Kunoo Akkana je’a:

“Ammoo Rabbiin guddaan ol tahe, waan

uume hundaa oli. Arshii waan Inni uume

Page 104: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

98

keessaa irra guddoorratti ol tahe jechuun hin

dhoowwamu shari’aatu dhufeen…

Namni Afaan Oromoodhaa beeku, kan

Rabbiin ol tahu wallaale hin jiru.”

Sharhu Matnil Aqiidatixxahawiyyaa, fuula: 35-36

Sheek Muhammad Rashaad kitaaboota Isaa

keessatti kana barreessee jira. Inni waan

Muslimoonni amanan barreesse, Anis muslima

waanin taheef hikkaa Isaa argee amanee jira.

Kuni Aqiidaa Muslimootaati, Rasuula s.a.w irraa

eegalee warri karaa Sunnaa deeman hundi

Rabbiin Arshiirratti akka Isaan malutti ol tahuu

Isaa ni amanan. Kanas Rabbumaatu Quraana

Keessatti nuuf hime.

Quraanni jecha Rabbiin dubbate tahuu

Isaatii fii Rabbiin dubbachuu.

Sheekh Muhammad Rashaad akkana je’e:

“Qur’aanni Rabbiin Nabi Muhammadirratti

buuse dubbi Rabbiiti, Rabbumaatu dubbate.

Jibriil Rabbirraa dhagayee, Nabi Muhammad

Jibriilirraa dhagayee, ummanni Nabi

Muhammadirraa dhagaye.”

Page 105: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

99

Sharhu matnil aqiidatixxahawiyya, fuula: 20-21

Sheek Muhammad Rashaad Quraana Jibriil

Rabbirraa dhagayee, Nabi Muhammad

dhageesisee jechaa jira. Akka Ahbaashiitti

jechi Rabbii hin dhagayamuu hin jenne, Jibriil

keessatti jecha Isaa kan Azalii uume hin jenne.

Ni dhagayee jechaa jira. Rabbiin keenya ni

dubbata, Abbaa fedhe dubbisa. Yeroo fedhe

dubbata. Waan fedhe dubbata. Namni inni

dubbise jecha Isaa ni dhagaya.

Rabbiin Ija qabaachuu Isaa.

Sheekh Muhammad Rashaad akkana je’a:

“Rabbiin Ija ni qaba haa tayuu akka Ija waan

uumameetii miti.”

Sharhumatnil Aqiidatixxahawiyyaa fuula: 33-34

Rabbiin Ija qaba, ni arga. Garuu Ijji Isaa tan

uumamaa hin fakkaattu. Ija Isaan maltu qaba.

Wanni hundi Ija isiin maltu qabdi. Iji Rabbiitis Ija

waan uumamee takkallee hin fakkaattu.

Kanaaf warri Sunnaa waan Rabbiin nin qaba

ja’e hin qabduu hin ja’aniin.

Rabbiin harka qabaachuu Isaa.

Page 106: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

100

Sheekh Muhammad Rashaad akkana je’e:

“Rabbiin harka ni qaba. Haa tayuu akka harka

keenyaatii miti.

Sharhumatnil aqiidatixxahawiyyaa fuula: 33-34

Rabbiin harka Isaan malu qaba, kanas Isaatu

dubbate malee nuti kijiba Isarra kaayuu hin

dandeenyu. Sheekh Muhammad Rashaad

Aqiidaa warra Sunnaa addeesse. Rabbiin sifa

Isaan malte qaba.

Sahaaboota Rasuulaa s.a.w nama jibbu

ni jibbina.

Sheekh Muhammad Rashaad Warra

Sahaaboota hamtuun dubbatu hunda ni

jibbina jechuun dubbate.

Kunoo akkana je’e:

“Asaabaa Nabi Muhammad, nama Isaanirraa

taye, tokkolleedharraa hin cinnu. Hundi Isaanii

jaalalloota keenya. Nama Asaabaa Nabi

Muhammad jibbu hunda, ni jibbina.”

Sharhu matnil aqiidatixxahawiyya, fuula: 117-

118

Page 107: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

101

Tunis aqiidaa warra Sunnaati Sahaabaa hunda

ni jaalanna, waan Isaan jidduutti argames

Rabbiif dhiifna. Tokkollee maqaa hamaadhaan

hin kaafnu. Aqiidaan warra Sunnaatu tana. Tan

falsafaa ammoo abbaa fedhan keessaa

arrabsuu fi xiqqeessuudha. Rabbi nu haa tiysu

jallina falsafaa irraa.

Rabbiin guyyaa Qiyaamaa Murtii

godhuuf ni dhufa.

Sifa Dhufiinsa Rabbii tan guyyaa Qiyaamaa

sabachiisuun karaa warra Salafaati. Sheekni

Akkana je’a:

“Gaafa Rabbiin kee amrii isaatin dhufe

dhufiinsa Isaan malu.”

Al-Fajr: 21-22

Aqiidaan warra Sunnaa Rabbiin guyyaa

Qiyaamaa akka Isaan malutti dhufa jechuu

amanan. Halkan gama boodaa akka Isaan

malutti gama samii adunyaatti gad bu’a

jechuu amanan. Kanas Quraanaa fii Hadiisa

irraa baratan malee ifiif uumaniitii miti. Garuu

warri falsafaa jala deemu ni didan, Falsafaan

Page 108: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

102

teenya hin qeebaltu, aqliin teenya hin

hayyamtu je’an.

Sheekh Muhammad Rashaad Haala kanaan

Aqiidaa Isaa Kitaaboota Isaa keeysatti ibsa.

Afaaniinis Aqiidaa Isaa tan katabe tanarraa

akka hin deebi’iin du’uu Isaa dura dubbatee

jira. Labsa Website Isaa www.rashaad.org irratti

baaseen irra deebi’ee Aqiidaa tiyya namni

baruu fedhe Kitaaba kiyya tafsiiraa fii Aqiidaa

xahawiyyaah haa laalu jechuun himatee jira.

Kanaaf Sheekh Muhammad Rashaad wanni

Madaalluun kitaaba Isaati.

Ahbaashiin yoo Sheekh Rashaa jala deemte

aqiidaa Inni Kitaaboota lamaan Tafsiiraa fii

Aqiidaa xahawii keeysatti ibse haa fudhatan.

Garuu Isaan waan Muslimoonni amanu

takkallee hin fudhatan.

Sheekh Rashaad Rabbi Rahmata haa godhuuf.

Page 109: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

103

Sheekh Haaji Yuusuf Ciroo

Maqaan guutuun Sheekh Yuusuf Aadam Aliyyii

Qumbii.

Maqaan ittiin beekkaman Haaji Yuusuf Cirooti.

Ulamaa’ii akka ifaa aduutti dukkana wallaalaa

fii shirkii addeeysaa umrii fixe keessaa inni

hangafa.

Barsiisaa Sheekkootii fii Ulamaa’ii Oromootaati.

Sheekkootiin Ifiif darasaa barsiisan darsaa

Isaanii wajjiin wal guurratanii Madrasaa Sheekh

Haajii Yuusuf dhufanii bahara beekkumsaa

irraa waraabbatee if qabbanneeysa.

Sheekni Sheekkootaa Haaji Yuusuf Ciroo jiruun

Isaa guutuun barachuu fii Barsiisuudha.

Dhaloonni Isaanii Xaaliyaan biyya

koloneeffattee amata 3ffaa keeysa. Bakki

dhalootaa Isaanii Baale, Raayitu bakka

je’amtu.

Joollummaan amata 10 osoo hin gahin

barnoota diinaa Qur’aana Rabbii haffazuun

jalqabe. San booda barnoota Fiqhii hanga

honga Isii Sheekkootii hedduurratti baratan,

Page 110: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

104

akkasuma Kitaaba Aqiidaa Ashaa’iraa

(Falsafaa) hanga honga Isii baratanii jiran. Seer

luuga Afaan Arabaa (Nahwii fii Sarfii) Harargee

Lixaa Sheekh Abdurhamaan Awwaaree

naannoo Magaalaa bardooddeetti dhihaattu

keeysatti amata 11 baratan.

Seena Isaanii gabaabduu Sagaleen

waraabamte keessatti Sheekh Haajii Yuusuf

eega Ilmii hedduu baratan booda, Hadiisa

barattuutti akka seenan ibsan.

Sababaa Hadiisa baratuuf Isaan kaase

hoggaa himan Sheekh Abdullaahi Tuqoo

Sheekni je’amu Fadisitti Hadiisaa fii Aqiidaa

Salafaa barsiisuu jalqabnaan ‘Mu’taziilaatu

Hadiisa barata,’ jechuun Sheekkootiin Fiqhii

qofa barasiistu itti kaate. Haajii Yuusuf Sheekh

Abdullaahi Tuqoo bira dhufee Hadiisa wanni

barachuu jalqabeef Aqiidaa Ashaa’iraa

(Falsafaa) irraa deebisuuf akka tahe dubbata.

“Garuu Osoo Hadiisa irratti deebisuuf barannuu

Hadiisni gama Isaa nu deeffate” je’an. Rabbiin

sifa Isaan maltu qaba kan je’u Imaam

Muhammad binu Abdulwahhaab qofa jennee

Osoo amannuu, Imaamu Tirmiziin Amata kuma

Page 111: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

105

1 dura Waan warri Salafaa amanu kitaaba Isaa

Sunan At-Tirmiizi je’amu keeysatti ibsee jira.25

Sheekhni “hoggaa Tirmiizii barannu wanni

Falsafaa taate hundi akka kijiba taatee fii

Aqiidaan Muhammad binu Abdulwahhaab

tan bineensa fakkeeysan kijiba tahuu agarre.”

je’an.

Abdullaahii Tuqoo fii Beekaa Hadiisaa kan

zamana Sanii Sheekh Ahmad Basiiraa irratti

Hadiisa amata dheeraaf baratanii jiran.

Sheekkootii Baalee fii Harargee keessatti Inni

bira dhaqee irraa barate hedduudha.

Sheekni Ilmii Qir’aa Irraa Hafsii, Warshii, fii Qir’aa

Abuu Amrii baratanii, haffazanii jiran. Kitaaba

<Xibbii> ykn Fayyaa hanga hoonga isii

baratanii barsiisaa jiran.

Zamana dheeraaf eega Sheekkootiirra

daddeemanii baratan booda akkaa aadaa

biyya teenyaatti <Ijaazaa> hayyama basriisuu

25 . Sunana Tirmiizii Hadiisa: 661 irratti laalladhu. Akkasuma

Kitaaba Aqiidaa Ahlusunnaa Afaan Oromootiin Ani qopheeyse fuula 43-45 irratti Aqiidaa Imaamu Tirmiizii Guutuu ni argattan.

Page 112: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

106

Sheekkootii Isaa hundarraa argatanii

eebbifaman. Eegasii barsiisuutti gad taa’an.

Sheekni Amata 40 oliif barsiisaa jiran. Amata 40

dabaran Sheekh Haajii Yusuuf Ciroo

Ulamaa’oota lakkoofsa Isaanii Rabbi qoftiin

beekuu hedduu oomishanii jiran, arrallee

barsiisuu ittuma jiran.

Maqaan Haaji Yuusuf Ciroo je’u ganda Inni

qubatee barsiisu irraa kan itti maxxane hoggaa

tahu Sheekhni Maqaa Abbaa Isaanii caalaa

maqaa Haaji Yuusuf Ciroo jedhamu kanaan

nama hunda biratti beekkaman.

Sheekni eega Falsafaa baratee hubate booda

gama Aqiidaa Salafaa waan deebi’eef,

Falsafaa fii Bid’aa dura dhabbachuun

fakkaataa hin qabu. Umrii Isaa guutuu

Towhiidaa fii Shirkii adda baasaa jiraate

jechuun ni dandahama. Aqiidaa Ahlusunnaa

Qulqulluu ummata biraan gahuuf carraaqqiin

Isaan godhan hangana je’ame hin dhumu.

Ulamaa’iin Isaan biraa eebbifaman hundi

karuma Isaanii san qabachuun Shirkii fii Bid’aa

Osoo ummanni firraa hin beeyne biyya seente

qulqulleeysaa jiran.

Page 113: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

107

Sheekh Haaji Yuusuf Ciroo yeroo dheertuuf

naannoo Magaalaa Ciroo ganda Laga Sheekh

Aadam jedhamutti barsiisaa turan. Akkuma

Aadaa Ulamaa’oota biyya teenyaa ganama

salaata Subhii yoo barsiisuuf gad taa’an Asrii

booda malee boqonnaa fii nyaatuun hin

beekkamu. Darsaan akkuma sadarkaan wal

dhabduun tarree galtee dhufti, tuutti tun

barattu, tan biraatu boodaan dhufa, haala

saniin hanga Maghriibaa barsiisaa jiruu Isaanii

dabarsan.

Osuma akkasi barsiisanii guyyaan galgalaawa.

Haala kanaan Harargee Lixaa naannoo

Magaalaa Cirootti waggaa dheertuuf eega

barsiisaa ture booda gama Arsii Lixaa

Asaasaatti qubsuma Isaanii jijjiruun achitti

Majlisa haarawa gad dhaaban.

Gaafa Isaan Ciroo gama Asaasaa fi’atan warri

naannoo Ciroo akka taa’ziyaatti lakkaawe.

Warri Asaasaa fii naannoo Isii milkii guddoo

Rabbiin Isaaniif fide itti fayyadamuuf itti figan.

Asaasaatti barsiisuu jalqabuun Isaa

dhagayamanaan Arsii fii Baalee irraa

Ulamaa’iin duraan Majlisa barsiisaa turan

Page 114: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

108

darasaa Isaanii wajjiin gama Majlisa Haaji

Yuusuf Magaalaa Asaasaatti fi’atanii itti

dhufan. Sheekkootii fii darasaan bakkatti ilmii

Isaanii bal’oo Irraa warraabbatanii Ijaazaa Irraa

fudhachaa gama barsiisuu deebi’an.

Asaasaan Markaza Ulamaa’ootaa fii

beektootaa akka taatu Rabbiin Haaji Yuusuf

Ciroo achitti galche.

Arsii fii Baalee keeysattis Bid’aa fii Shirkii dura

dhaabbatuun fakkeenya tahan guddaa

Ulamaa’ii hundaaf tahanii jiran. Haala kanaan

Asaasaatti Quraanaa fii Hadiisaan karaa

haqaa Ibsaa turan. Ammas itti jiran.

Aalimni guddan kuni Harargee hanga Arsiitti,

Jimmaa hanga IluuAbbaa Booraatti,

Sheekkootii fii Ustaazoota hedduu Omishee

eebbisise.

Haala kanaan jiruu Isaa guutuu Muslimoota

khaddammuun dabarse.

Muftiin Guddichi Haaji Yuusuf Ciroo Dadhabe fii

hifadheen Isa bira hin jirtu. Darasaa Isaa

akkuma barsiisu hawaasa bal’aafis gorsaa fii

barnoota kenna.

Page 115: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

109

Sheekha Sheekkootaa Haaji Yuusuf Ciroo yoo

argan wanni Hawaasuma muslimarraa tokko

fakkaata. Xiqqaa fii guddaa kabajee gaafii

Isaanii dhaggeefata. If guddisuu fii if tuuluun

Isaan bira hin jiru.

Sheekni diina Rabbii keessatti komii nama Isa

komatuutiif dantaa hin qaban.

Sheekni Sheekkootaa Sheekh Haaji Yuusuf

Ciroo Kitaaba Sanada Isaanii Ibsu barreeysanii

jiran. “Axiyyatu As-Samad” Kitaaba je’amu

keeysatti Ulamaa’oota irraa baratan jalaa

kaasani hanga Abbaa kitaabaatti sanada

Sanada Isaanii keeysatti Ibsan. Sanada

Jechuun akkuma amma dura ibse sani: Sheekh

Kiyya Abaluu irraa, Inni Abaluu irraa, Inni abaluu

irraa jechuun Oofanii Kitaaboota hunda

abbaatti galchan. Hadiisa Rasuulaa s.a.w

hanga Rasuulaatti galachan, Sheekh Isaa irraa

kaasee haala saniin nama Jidduu Isaanii jiru

hunda lakkaawanii nama dura dubbii san

je’etti galchan.

Ani Kitaaba kana Sheekni akka qabu Ibsa Isaan

sagaleen godhan keeysatti dhagaye malee

hin agarre.

Page 116: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

110

Ulamaa’ii akkanaa tanaan Aqiidaan teenya nu

bira geeyse. Isaaniin Amantiin teenya

qulqulluun tiiyfamte.

Barachuuf balaa meeqa arganii, baratan.

Barsiisuuf mindaa takka malee ganamarraa

hanga galgalaa barsiisan. Ramadaana malee

haala kanaan amata guutuu jiruu Isaani

dabarsan.

Adawwiin Islaamaa balaa irraan geeyse hunda

obsanii arras amantii Islaamaa khaddamuu itti

fufanii jiran.

Sheekhni Sheekkootaa kuni Oromiyaa Asaasaa

jira. Hanga Libaanoosii Ahbaashii nuuf fidan

Osoo Isaan kana biyya leenjisaa je’anii carraa

kennaniif maal qaba?

Sheekhni gaafa Ahbaashiin biyya seente warra

sagalee ol fuudhee jallina isaanii ibserraahi.

Beekkumsa qabaattan koottaa kitaaba

keeysaniin, Nutis Quraanaa fii Hadiisa

qabannee dhufna jechuun labsanis Ahbaashiin

toora Isaanii dhaabbachuu sodaattee

dheeyfa ceete.

Page 117: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

111

Garuu Isaan duubaa kijibaa fii dhara biyya

keessa facaasuu carraa waan argataniif itti

jiran.

Sheekh Haaji Yuusuf Ciroo Qumbii Rabbiin

Dalagaa Isaanii irraa haa jaalatu, Umrii Isaanii

nuuf haa dheereysu.

Page 118: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

112

Sheekh Aadam Caffee

Sheekha Sheekkootaa Aadam Daadhii Al-

Oromii.

Rabbi Rahmata haa godhuuf February 8, 2014

du’an.

Maqaa Sheekh Aadam Caffee jedhuun

beekkama. Aalima beekkomsa Islaamaatiin

honga gahe, Beekhaa Hadiisaa, Tafsiiraa,

Usuulaa fii Aqiidaa Barsiisuun Ulamaa’oota

kumaatama Omishe.

Umrii Isaa guutuu amantii Islaamaatiif jiraate.

Barachuu fii barsiisuu akkasumas Ibaadaa

godhuun umrii isaa fixe.

Sheekkootii biyya teenyaa gurguddoo

Beekkumsa Islaamaatiin honga gahan hedduu

bira dhaqee irraa barate. Akkuma Aadaa

Ulamaa’oota biyya keenyaa Barsiisuuf

sheekkootii Isaa hundarraa Ijaazaa eega

argate booda, Harargee Lixaa Naannoo

Galamsoo qubatee, Barsiisuu jalqabe.

Darasoonni gama hundaa Isa biratti walitti

qabamanii Ilmii Inni Sheekkootii Isaatirraa

Page 119: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

113

amata dheeraaf barate, irraa warraabatan.

Inni Bahara beekkumsaati ture.

Sheekh Aadam Caffee Majlisa barsiisuun

Ulamaa’oota hedduu oomishe. Towhiida

qulqulluu, amantii Rasuulaa s.a.w facaasuun

Muslimoota Bid’aa fii Shirkii irraa akka fagaatan

diniinaa jiraate.

Amantii Islaamaa qulqullutti nama yaamanii

nagaya bahuun waan hin jirreef Sheekh

Aadam Caffee balaa adda addaa

Munaafiqootaa fii warra Bid’aa irraa Isa

dhaqqabuun hin olle. Karaa Rabbii keeysatti

rakkachuu fii balaa qunnamuun Sunnaah

Nabiyyootaa akka tahe waan beekuuf obsee

haqa Ibsuu itti fufe.

Sheekh Aadam Aqiidaa Ahlusunnaah qulqulluu

barsiisuu Isaatiif yeroo hedduu hidhaa fii

sodaachiisaan adda addaa irra gahaa turte.

Garuu Rabbirratti galata herregatee ganduma

balaan itti Isa dhaqabdu san keeysatti umrii

Isaa guutuu barsiisuun dabarse. Arrabaa fii

diniinni gama Kaadreetii fii Majlisaatiin Isarra

gahaa ture kan biyyaa nama baqachiisu

Page 120: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

114

tahullee, Obsee ummata barsiisuun Oomishaa

Ulamaa’ootaa fii du’aataa tahuu dandahe.

Rabbiin barnoota Isaa keeysa barakaa

kaayee, Akkasuma darasoota Isaa keeysallee

barakaa Isaaf kaaye. Sheekkootiin Isa biraa

Beekkumsa hedduu eega argatan

eebbifaman hedduudha. Lakkoofsa Isaanii

Rabbumaatu beeka. Warreen beekkamoo Isa

biratti baratanii biyya fayyadan kanin ani

dhagaye waa xiqqo.

Sanirraa

1. Sheekh Amin Ibroo Daa’ii beekkamaan

Isa tokko. Sheekh Amin Ibroo da’waa

mi’oytuu godhuun afaan Oromootiin

warra da’waa godhu keessaa

fakkaataan Isaa hin argamne.

Hayyummaa fii mala itti nama gorsaniin

Rabbiin Isa badhaasee jira.

2. Sheekh Muussaa Kurfaa Rooqaa (Rabbi

Jannataan haa qubsiisu) Sheekh Aadam

caffee irratti baratanii Majlisa Naannoo

Bookeetti dhaabuun Darsoota kumaa ol

barsiisaa turan. Hadiisaan biyya faayanii

yaamicha Rabbii kan hafa hin qabneen

du’anii jiran.

Page 121: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

115

3. Sheekh Bashiir Daa’ii fii Imaam

beekkamaa Magaalaa Machaaraa.

Kan Towhiidaan biyya tolche, Sheekh

Aadam Caffee biraa eebbifaman.

4. Sheekh Alii Kaakumaa kan Naayroobiitti

barsiisaa ture. Amma Ameerikaa khan

jiru, Sheekh Aadam Caffee irratti

baratan.

Sheekootiin Aalima guddicha Sheekh Aadam

Caffee biraa eebbifaman lakkaawamnii hin

dhuman.

Umriin Isaanii Rabbi dheereeysee amata 100 oli

Diina Islaamaa khaddamaa jiraatan. Hanga

Umriin Isaanii 95 olitti dhihaatutti Sheekhni

Barsiisaati ture. Akkuma ulamaa’oota biyya

keenyaa Innis ganama Salaata Subhii irraa

jalqabee hanga Salaata Asrii ykn maghriibaa

barsiisuun dabarsa. Umriin amata 90 ol eega

dabre booda silaa kan boqonnaa godhu, Inni

Nashaaxaan barsiisuu hin dhaabne. Amata 60

oliif barsiisaa Ulmaa’ootaa fii Muslimoota

hundaa tahee jirruu Isaa dabarse. Amata

hedduu kana hoggaa barsiisu Mindaa addaa

kan kafalamuuf hin qabu.

Page 122: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

116

Amanta 95 olitti hoggaa ol dabrsan

Maanguddoomanii Sagaleen Isaanii hanga

calliftuu barsiisuu itti fufan. Booda barsiisuu

dadhabanii barataa Isaanii coollee fii hayyuu

Sheekh Qaamuus Majlisa Isaanii akka irraa

qabu itti ramadanii Ibaadaaf achi bahan.

Sheekhni Sheekkootaa Sheekh Aadam Caffee

hanga sagaleen Isaa maangudummaarraa

dhagayamuu dadhabduu barsiisuun Seenaa

akkanaa dalagee jira.

Aqiidaa Isaanii

Sheekhni Aqiidaa Ahlusunnaa Wal Jama’aa

qulqulluurra ture. Isiif jiraatee, Isii barsiisee, Isiif

jecha hidhamee, tumamee, arrabsame.

Towhiida darasaa qofa barsiisaa hin turre

Sheekhni Hawaasa bal’aa hunda barsiisaa

ture. Aqiidaa qulqulluu Sahaabootarraa

Salafoonni dhaalan barsiisuun Sheekkootii fii

Ustaazoota Isaaf ragaa bahan omishee jira.

Kitaabu Towhiidii fii Kitaaboota Aqiidaa warra

Sunnaah qajeeltuu addeeysan hunda barsiisaa

ture. Gorsaa Isaati Aqiidaa ture. Wanni Inni irraa

dinniin Shirkii fii Bid’aadha. Rabbi irraa haa

jaalatu.

Page 123: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

117

Haala Isaanii

Sheekh Aadam Caffee nama adunyaarraa

dantaa hin qabnee Zaahida ture. Namni Isa hin

beeyne yoo arge Qootee bulaa malee

Sheekha waa beekhu hin sahu.

Diina Rabbii keessatti nama komii fii miidhaa

Isarra geeysuuf dantaa hin qabnee fii Haqa

dubbachuuf nama hin sodaanne ture.

Jibbaa warra Bid’aa Irraa Isarra gahaa ture fii

dhiibbaa hunda akka Kheeyrii Isaaf dalaganiitti

laalee, Adawwii warra Isa godhateef Nasiihaa

godhaa ture. Hamtuu itti dalagan Inni gaarii

Isaaniif dhaamuun deebisa.

Sheekhni Obbolummaa Islaamaatiif dursa

kennuun, Warra wallaalaan Isa dararaa ture

gama karaa qajeelaatti yaamuun fakkeenya

gaarii akka ture warri Isa beekan ragaa

bahaniif.

Rabbiin adunyaa tanarra nama tokkofillee

bara baraan du’a malee akka jiraatu hin

mijjeeysine, duuti hunda namaa tuquun hafa

hin qabu.

Page 124: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

118

Sheekh Aadam Caffee guyyaa 8, February

2014 du’aan adunyaarraa gara Jalqaba jiruu

akhiiraa dabare.

Dalagaa Isaa bareedduun dhalootaa

dhalootatti dabartu Isa fayyaduu itti fufti.

Rabbiin badii Isaa dhiiseef Jannataan akka Isa

badhaasu khadhannaaf.

Ulamaa’ii akkanaa tanaatu diina keenya badii

fii jallina hundarraa eegee asin gahe.

Maaliif akka Libaanoosii Ahbaashii nuuf

afeeran Isaantu beeka.

Page 125: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

119

Dr. Abdushakuur Muhammad

Maqaa guutuun Dr. Abdushakuur

MuhammadAmaan Abdulkariim jedhaman.

Bakki dhalootaa Goodina Baalee, Ganda

Amaan lamaa je’amutti. Bara 1361hijira/1942

dhalate.

Qaraatii Osuma daa’imaa abbaan Isaa

Sheekha waan tureef, Hoggaa darasaa Isaanii

barsiisan dhageefachaa haffazuu eegale.

Abbaan Isaa yeroo Inni amata 7 waan du’eef

Sheekha haadhaatu guddise. Abbaa Isaa

barsiisaa Isaa kan jalqabaa dhabnaan

Barnoota hin dhaabne. Garuu itti fufee

Quraana Sheekh Ahmad Sheekha

jedhamurratti xumure.

Joollummaarraa Rabbiin dandeetti haffazu

Isaaf kenneen barnoota bakka dhaqe hundatti

haala gaariin qabachuun itti fufe.

San booda Sheekh Aadam Daawwee, Sheekh

Muhammad Sabroo, Sheekh Bakrii Saphaaloo

fii Sheekkootii hedduu irratti barate. Baaleetti

Ulamaa’iirra eega naannawanii Fiqhii, Nahwii,

Page 126: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

120

Tajwiida, Towhiida baratan booda gama

Harargeetti Ilmii barbaada fi’atan.

Harargeetti Sheekh Bakrii Saphaaloo biratti

amata tokko ol eega baratan booda

baruumsa dabalataa barbaada biyyaa

bahuuf Murteeysan.

Akkasitti Somaaliyaa dhaqanii karaa

baharaatiin Yaman dhaqanii, Achiin Makka

seenan.

Dirqama Hajjii fii Umraa eega godhatan booda

Makka keeysatti Ulamaa’ii gurguddoo irratti

baratuu jalqaban.

Waggaa lamaaf Makkaatti sheekkootii

gurguddo irraa eega baratan Booda, Bara

1964 Madiinaa Yunivarsiitii seenanii barachuuf

Gama Madiinaa Rasuulaa s.a.w imalan.

Xalayaa barreefatanii iyyannoo galfatan,

Yeroo Sanitti Sheekhni Ilmii akkuma aadaa

Ulamaa’iittiSheekkootii durii baratanii

Sheekkootirraa Ijaazaa fudhataa dabruu

malee xalayaa ragaa qaban. Madiinaa

Yunivarsiitiin ammoo xalayaa ragaatiin nama

galmeeysiti.

Page 127: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

121

Hoggaa Isaan xalayaa ragaa takka malee

Yunivarsiitii barachuu feena jedhanii dhaqan,

Qormaata kennaniif qormataa yunivarsitii

qoratamanii qabxii ol aanaa waan fidaniif

Madiinaa Yunivarsiitii jalatti barnoota sadarkaa

lammaffaa fii ol aanaa barachuuf carraa

argatan.

Carraa barnootaa eega argatan xalayaa

seeraan itti jiraatan qabaachuu barbaachisa,

Sheekni karaa baharaatiin waan dhaqeef

xalayaa takkallee hin qaban ture. Sheekh Ibnu

Baaz Rabbi Rahmata haa godhuufii Malik

Feeysalitti xalayaa katabanii Barattoota

jajjaboo akkanaa akka Yunivarsiitii Madiinaa

baratan akka xalayaa jireenya argatan

(iqaamaa) gaafateef. Malik Feeysal

hayyameefii Sheekhaa fii warri Isa wajjiin turan

Sheekkootiin lama barnoota jalqaban.

Yunivarsiiti Madiinaa irraa digrii duraa qabxii ol

aanaan eega argatan booda, Makkatti

Deebi’anii Yunivarsiitii Malik Fu’aadirraa Diigrii

lammeeysoo (Maastara), akkasumas Doktara

(PHD) fudhatan.

Hundaahu qabxii ol aanaan waan

eebbifamaniif Achumatti barsiisaa tahuun

Page 128: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

122

barsiisuu jalqaban. Amata 20 Oliif Yunivarsiitii

Makkaatti barsiisan. Eegas Masjida Haramaatti

barsiisuu fii fatwaa godhuuf afeeramanii

sanumarra jiran.

Kitaabban adda addaa hedduu afaan

Arabaatii fii Afaan Oromotiin barreeysanii jiran.

Sanirraa muraasni:

Azaatul Ilaahiyyaa beynal Islaam

wanasaraaniyyaa

Aqiidatul Muslim fi Rusul

Tafsiira Quraanaa Afaan Oromootiin (hin

maxxanfamne)

Hikkaa jechoota Quraanaa

(maxxanfame).

Aqiidaan Sheekhaa Aqiidaa Ahlusunnaa Wal

Jamaa’aati. Ahbaashii dirqamaan

Mootummaan gaafa nama cuuphuu jalqabe

jallina Isaanii Muslimoota Su’udii Jiraniif,

akkasumas gama paltalkiin Muslimoota biyya

adda addaa jiraniif ibsaa turan.

Sheekhni Biyyaa bahus Hawaasa isaa bakka

jiruu gargaaruuf tattaafii adda addaa godhaa

ture.

Page 129: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

123

Gama Siyaasaatinis gabrummaa

mootummata dabran keeysatti ummata

Isaarratti gaggeeyfamaa turte Adunyaan akka

beeytuuf barreeysaa turan.

Rabbiin dalagaa Isaanii irraa haa jaalatu.

Page 130: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

124

Sheekh Muusaa Su’aalaa

Sheekh Muusaa Hassan Abdiiti maqaan Isaa.

Bakki Dhalootaa Goodina Harargee Bahaa

Aanaa Jaarsooti.

Joollummaan Barnoota Islaamaa barachuu

jalqaban. Akkuma Aadaa Ulamaa’oota biyya

teenyaa Quraanaan jalqabanii eega xumuran

Kitaaboota baratuutti dabaran.

Darasummaa deemanii rakkoo meeqa obsanii

Sheekkootii hedduu biratti amata hedduuf

baratanii jiran.

Sheekkootii Gurguddoo urjii lafaa tahan kan

Isaan irraa baratan hedduu keeysaa tokko

Sheekh Abdullaahi Tuqooti.

Sheekh Abdullaahi Tuqoo nama barnoota

barachuuf biyyatti Ulamaa’ii heddurraa eega

barate biyyaa deemee Su’ud Arabiyaatti eega

barate, biyyatti deebi’uun Majlisa Hadiisaa fii

Aqiidaa barsiisuun ija biyyarraa bane.

Sheekh Muusaan Sheekh Abdullaahi Tuqoo

biratti Aqiidaa, Hadiisaa fii Tafsiira akka gaaritti

Page 131: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

125

baratanii jiran. Sheekkootiin Inni irra deemee

amata dheeraaf irraa barate hedduudha.

Hunda biraa Ijaazaa barsiisuu eega argate

booda, Waan barate barsiisuuf Majlisa Isaa

Gursumitti dhaabee barsiisuu jalqabe.

Sheekh Muusaa Su’aalaa maqaan jedhu kan

itti bahe Osoo darasummaarra jiraniiti. Sheekhni

gaafa darasaa turan hoggaa waahiloota

Isaanii wajjiin waan baratan irra deebi’anii

qo’atan, Gaafii jajjabduu darasoonni deebisuu

hin dandeenye gaafachuu ture.

Achirraa kaasanii Maqaa Su’aalaa jedhuun

maqaa Abbaa Isaa bakka buusan.

Su’aala jechuun gaafii jechuudha Afaan

Arabaatiin.

Sheekhni barnoota lagaa fii gaara meeqa

bahee barate, kan beelaa fii dheebuu itti

obese walitti qabate amata 40 oliif Hawaasaaf

deebisaa facaasaati jira.

Sheekhni Darasoota ilmii barbaada Majlisa Isaa

dhufaniif ganama Subhii salaata booda

eegalee hanga Asrii barsiisuun dabarsa.

Page 132: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

126

Hawaasaafis gorsaa fii yaamicha Towhiidaa

godhuun beekkamoodha.

Aqiidaa qulqulluu warra Sunnaah hawaasa

ballaaf ibsuun hojii Isaanii tan amata 40 oliif itti

jirani. Akkasumas Shirkii fii Bid’aa

Islaamummaatti warri wallaalaan dabale

hawaasaaf ibsuun irraa dinniinuu fii gorsuun

dalagaa Isaaniiti.

Mufassira beekkamaan kun amata 40 dabran

Harargee bahaa Gursumitti barsiisaa jiran.

Darasoonni beekkumsa barbaadan Oromiyaa

bakka adda addaatii Sheekh Muusaa Su’aalaa

bira dhufanii barnoota Isaanirraa

waraabbatan. Harargee, Arsii, Jimmaa, Baalee

fii iluu Abbaa booraa irraa majlisa Isaaniitti

barataan hin argamne hin jiru.

Sheekkootii hedduu ummata fayyadan amata

Afurattamman dabraniif omishanii jiran.

Ammas itti jiran. Umarii nama tokkoo amata 40

oliif hoggaa barsiisan mindaan Isaaniif

kafalamu hin jiru, garuu amata afurtamaaf

mindaa takkaa fii gargaarsa takka malee

barsiisaati jiran.

Page 133: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

127

Tafsiira Afaan Oromootiin waraabanii sagaleen

qopheeysanii warra barachuu fedhuuf haala

bareedaa fii gabaabaa namaaf laafuun

qopheeysanii jiran.

Sheekh Muusaan Barsiisaa hawaasa muslimaa

dadhabbee fii hifadhe hin beeyne, Kan

hoggayyuu barsiisuu jaalatuu fii Xiqqaa fii

guddaa kabajuun beekkamu. Namni hundi Isa

biratti kabajamaadha. Haala gaarii fii

laafinaan gorsuu jaalatan, ammoo diina Rabbii

keeysatti komii namaa sodaaf waan dhiisan hin

qaban. Waan Rabbii fii Rasuulli s.a.w itti ajaje

hunda Ibsuuf sodaa hin qaban.

Ahbaashiin gaafa biyya seentee dirqamaan

na qeebalaa jechuu jalqabde, Sheekhni

Aqiidaa Isaanii tan kijibaa saaxiluun Ummata

Muslimaatiif dirree bahee ibsee jira. Jallina

Isaanii ibsuu qofa osoo hin taane, Ahbaashiin

beekkumsaa fii Beekaa yoo qabaatte, walitti

dhufnee wal haa morminu jechuun Ibsanis

Ahbaashii toora Isaanii dhufuu hin dandeenye.

Aqiidaaf xiyyeefannaa kennuun eega

Ahbaashiin biyya seente kitaaboota aqiidaa

hedduu barsiisuun Muslimootaaf karaa haqaa

garsiisaati jiran.

Page 134: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

128

Sheekh Muusaa Suu’aalaa Aqiidaa warra

Sunnaah tan Salafarraa ulamaa’iin walirraa

dhaalaa as geeyse barachuuu fii barsiisuutti

jiruu Isaanii guutuu dabarsaa jiran. Jiruun Isaanii

guutuun Muslimoota tajaajiluudha jechuun ni

dandahama.

Sheekha Muusaa Su’aalaa Rabbiin umrii haa

dheereeysu, Dalagaa Isaa irraa haa jaalatu.

Seenaan Ulamaa’oota keenyaa waan

ballinaan qoratamee barreeyfamuu qabu. Ani

dhageeytiin barreeyse. Qorannoo gahaa hin

goone. Irrinaa fii dogongoraa kiyyaa wajjiin

hangi qopheeysuuf naaf laafe hangana.

Page 135: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

129

Xumura

Aqiidaan Ulamaa’oota keenyaa balloo

hangan ani ibse san qofaa miti. Aqiidaa

Isaanirraa gurguddoo Ahbaashiin didduu fii

ittiin nama kafarsiistu tuquufin yaale. Seenaan

Ulamaa’oota keenyaa hangana qofaa miti,

Hangan dhagaye qopheeysuuf yaale.

Jalqabaa fii xumurarrattis faaruu fii galanni

Rabbiifi. Qeebaltis Rabbuma itti kadhanna.

Rabbiin dalagaa Isa biratti jaalatamtu haa

godhu, Guyyaa qiyaamaa warra waan

dalagerraa hongawu akka nan goone Rabbiin

kadhadha.

Rabbiin Ulamaa’ii teenya tan diina nuun gahan

hunda Jannataan haa qananiisu.

Nagayaa fii Rahmanni Nabiyyii keenya

Muhammad irratti haa jiraatu.

Xumurame guyyaa:

Shaaban 26, 1435

June 24, 2014

Page 136: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

130

Yaadaa fii komii dhiheeysuuf:

Email: [email protected]

Peejii Facebook:

https://www.facebook.com/urjii.ahmad

Twitter: https://twitter.com/UrjiiAhmad

Page 137: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

131

Madda barruu tanaa: Barruu tana barreeysuuf Kitaabooleen na

gargaaranii fii ragaaleen kiyya:

1. Tafsiira Afaan Oromoo Sheekh

Muhammad Rashaad

2. Sharhu Matnil Aqiidatixxahawiyyaa

Sheekh Muhammad Rashaad

3. Sharhu Usuuli Salaasaa Sheekh

Muhammad Amaan Al-Jaamii Al-Oromii

4. As-Sifaatu Al-Ilaahi Sheekh Muhammad

Amaan Al- Jaamii

5. Itihaaful Qaarii bi Asaanid Ahmad Al-

Watar, Sheekh Ahmad Watar

6. Lum’atu I’itiqaad Abuu Qudaamaa Al-

Maqdasii

7. Sharhu Aqiidatil Waasixiyyaa Sheekh

Muhammad Salaah Al-Useeymiin

8. Ibsa Aqiidatil Waasixiyyaa Afaan

Oromoo Jafar Bayan Al-Baddeeysii

9. Al-Aqiidatu Fillaah, Dr. Umar Suleeymaan

Al-Ashqar

10. Aqiidatu Salaf wa As’habil Hadiis, Imaam

As-Saabuunii

11. Sharhu Aqiidat Xahawiyyaa Aliyyi Ibnu

Abil Izzi Al-Hanafii.

Page 138: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

132

Sagalee:

1. Gaafii fii Deebisaa Haaji Yuusuf Ciroo

wajjiin godhame.

2. Tafsiira Quraanaa Sheekh Muusaa

Su’aalaa

3. Tafsiira Quraanaa Sheekh Muhammad

Waadoo

4. Seenaa Dr. Abdushakuur kan

gaafatamanii deebiin Isaanii

warraabbame.

5. Tafsiira Sheekh Muhammad Rashaad

Abdullee

6. Gaafii fii deebii waa’ee Aqiidaa irratti

Sheekh Muhammad Rashaad Abdullee

wajjiin godhame.

7. Aqiidaa Waasixiyyaa Sheekh

Muhammad Waadoo

8. Usuul Salaasaa Sheekh Yuusuf Nuuree

9. Tafsiira Sheekh Jeeylaan Aadam

Web site (weeb Saaytii) Marsaa intarneet.

1. Web site Sheekh Muhammad Amaan Al-

Jaamii www.eljame.com

Page 139: Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa - orig11.deviantart.netorig11.deviantart.net/ed1d/f/2014/175/a/8/aqiidaa_ulamaa_ii_teenyaa_1... · Dhaloota dhufuuf seenaa Isaanii dabarsuun anumaa fi

133

2. Web Site Sheekh Muhammad Rashaad

www.rashaad.org

3. www.maddaislaamaa.com

4. www.furaat.org

5. www.waldayauo.org

6. www.waqfeya.com

7. www.islamhouse.com