Download - BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
1
QABIYYEE BARNOOTA SEMISTEERA LAMMAFFAAF QOPHAA’E
BOQONNAA KUDHAN
DHIIBBAA EEDSIIN MISOOMARRATTI FIDU
Kaayyoon boqonnaa kanaa, dandeettii afaanii gurguddoo dabalatee kanneen biroo gabbifachuuf
dubbisa dhiyaateefi shaakaloota dhiyaatan haalaan hordofuun hirmaannaakee waliin akka
taasiftu sigargaara. Qabiyyeen boqonnaa kanaas dubbisa dhiyaate erga dubbistee booda kanneen
gadii ofkeessaa qaba.
Hiika jechootaa
Maalummaafi gosoota gochibsaa
Durduubeefi tajaajila isaa
Hennaa raawwima darbennaafi kanneen biroo akka dalagduuf karaa sitti kan
agarsiisuudha.
10.1. Durduubee yookiin Firoomsee
Durduubeen garee jechoota Afaan Oromoo keessaa tokko. Gareen jechootaa yeroo
qoqqoodaman ulaagaaleen irratti hundoofnu qabiyyee yookiin eenyummaa isaan
qabaniifi tajaajila isaan kennan irratti hundaa’uuni. Ulaagaa kana guutuun durduubeen
qabiyyee isaatiin garee jechaa kana jedhamee waamamuu danda’eera. Kanaafuu,
durduubeen garee jechootaa kanneen biroo dura yookiin duuba galuun tajaajila yeroo,
kallattii, bakka waan tokko itti argamu agarsiisuuf kan oolaniidha. Yeroo baay’ee kan
isaan faana galan garee jechaa keessaa maqaa ykn bamaqaadha.
Durduubeen fufiilee seerluga adda addaa kanneen akka: saalaa, lakkoofsa ykn baay’ina,
yeroo agarsiisuuf galan ofitti hinmaxxanfatan. Kanaafuu, gumaachi isaan guddina
jechoota afaan tokko keessatti argaman xiinxaluuf gadaanaadha. Durduubeen
ofdanda’anii yookiin hirkatanii galuu danda’u.
Durduubee hirkatoo – -dhaan, -tiin, -tti, -dhaaf, fi k.k.f. dha.
Durduubee ofdanda’oo – booda, akka, waa’ee, duuba, irra, …
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
2
10.2. Gochibsa
Gochibsi caasaa afaanii keessatti gochima dura galuun haala, bakka, yeroo, sadarkaa gochi
tokko itti raawwate ibsuuf kan ooluudha. Gochibsi garee jechoota Afaan Oromoo keessatti
yeroo ramadamu, qabiyyee isaan qabaniin osoo hintaane gareewwan jechootaa biroo ta’anii
tajaajila gochibsaaf kan oolantu gochibsa ta’u. Jechoonni afaanicha keessa jiran eenyummaan
gochibsa kan ta’an muraasatu argamu waan ta’eefi.
Gosoota Gochibsaa – tajaajila isaan qaban irratti hundaa’uun gochibsoonni bakkeewwan
adda addaatti qoodamu. Kanneenis:
Gochibsa bakkaa – bakka gochi tokko itti raawwate kan ibsuudha. Gaaffii “eessatti”
jedhuuf deebii laata. Fakkeenyaaf. Soolan muka jala taa’a.
Gochibsa yeroo – yeroo gochi tokko itti raawwate kan agarsiisuudha. Gaaffii “yoom”
jedhuuf deebii laata. Fakkeenya. Jaallataan kaleessa gale.
Gochibsa haalaa ykn akkaataa – haala gochi tokko ittiin raawwate/tu kan ibsuudha. Gaaffii
“akkamitti” jedhu deebisa.
Fkn. Inni hojii manaa barsiisaan isaa kennaniif atattamaan hojjeta.
Gochibsa sadarkaa – sadarkaa gochi tokko ittiin raawwate ibsa.
Fakkeenya. Jaarraan dubbicha cimsee dubbate.
Gochibsa irra deddeebii – gochi tokko irra deddeebiin raawwatamuusaa ibsa.
Fakkeenya. Bokkuun ganama ganama sochii qaamaa taasisa.
Gochibsa gaaffii – gochi tokko raawwatamuusaa jechoota gaaffii ta’anii, kan gochima ibsan
kan agarsiisuudha.
Fakkeenya. Ati amma eessaa dhufta?
Gochibsa sababaa – sababa gochi tokko itti raawwateef kan ibsuudha. Gaaffii maaliif jedhu
deebisa.
Fakkeenya. Bokkaa cimaan waan roobeef, lafti dhoqqaa’e.
Gochibsa meeshaa – kan gochi ittiin raawwate ibsa. Fkn. Soolan rasaasaan diina gombise.
10.3. Hennaa Raawwima Darbennaa
Hennaan raawwima darbeennaa hennaa yeroo darbe kan agarsiisu keessaa tokko ta’ee,
gochoota lama yeroo darbe raawwataman keessaa gocha gocha biraa dursee raawwatame kan
agarsiisuudha.
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
3
Fkn. Yeroo inni mana ga’u, isheen deemtee turte.
Isaan ciree nyaatanii turan.
Hennaa raawwima darbennaa – wixina gochima muummee + -ee/-nii + tur- +-e/-an
Walumaagalatti, boqonnaan kun shaakaloota adda addaa kanneen durduubee, gochibsaafi hennaa
raawwima darbennaa shaakalsiisuuf dhiyaatan hedduu qabatee waan jiruuf, kitaaba barattootaa
haalaan yoo hordofteefi yoo hojjette dandeettiikee cimsachuu dandeessa.
Gaaffilee Shaakalaa Boqonnichaa
Gaaffilee gaditti siif kennamaniif qubee deebii sirrii qabatee jiru filachuun deebisi.
1. Kanneen armaan gadii keessaa gosti durduubee adda ta’e kami?
A. wajjiin B. garuu C. dura D. –dhaan
2. Barattooni Mana Barumsa Bultii Addaa sadii fiigicha ‘lammii kootiif nan fiiga’ jedhu 1ffaa-
3ffaa bahuun xumuran. Hima armaan olii keessatti kan gurraacha’e;
A. Gochibsii gaaffii B. Gochibsii akkaataa C. Gochibsii sadarkaa D. Gochibsii yeroo
3. Filannoo armaan gadii keessaa kan sirrii hin taane kami?
A. Gareen jechaa tokko akka garee jechaa biraatti ni tajaajila.
B. Firoomseen guddina jechoota afaan tokootiif hin gumaachu.
C. Garee jechootaa keessaa maqaafi gochimni warra ibsitootaati.
D. Tuqaan tajaajila kottoonfachiisuu agarsiisuuf oola.
4. Himni jecha tajaajila gochibsa sadarkaa ofkeessaa qabu qabatee jiru kami?
A. Dubbichi waggaa waggaan ka’a. C. Dubbichi yeroo hunda mari’atama.
B. Dubbichi caalmaatti mari’atameera. D. Dubbichi akka laayyootti hinqabbanaa’u.
5. Qotiyyoo kana eessaa bittan? Jechi gurraacheffame;
A. gochibsa bakkaati B. maqibsa gaaffiiti C. gochibsa gaaffiiti D. maqibsa abbummaati
6. Himni hennaa raawwima darbennaatiin ibsame isa kami?
A. Isaan dhufaniiru.
B. Isaan nideemu ta’a.
C. Isaan deemaa jiru.
D. Isaan deemanii turan.
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
4
BOQONNAA KUDHA TOKKO
ISPOORTII AADAA
Qabiyyeen boqonnaan kun ofjalatti qabatee jiru, dubbisa mata duree olitti ka’een walqabsiisuun
dandeettiwwan afaanii gurguddoo kan ta’aniifi dandeetti dubbisuun waa hubachuu akka
gabbifattu sitaasisa. Qabiyyee kanatti dabalataanis;
Hiika jechootaa galumsa isaanii irratti hundaa’uun
Himaafi caasaalee himaa akkasumas walsimannaa matimaafi gochimaa
Sababaafi bu’aa akkasumas hennaa murannaatu hammatamee jira.
Gilgaalonni kana jabeessanis kitaaba barattootaa keessatti waan dhiyaatanii jiraniif, osoo hin
nuffin haalaan shaakaluun dandeettiikee cimsachuu dandeessa.
11.1. Hima
Himni qindaa’ina jechootaa afaan keessatti seera eeguun walitti dhufan irraa ergaa guutuu
ta’e dabarsuuf kan ijaaramuudha. Himni tokko yoo xiqqaate xumura tokko kan ofkeessaa
qabuufi sirna tuqaaleetiin kan xumuramuudha.
Caasaalee Himaa—Himni qindaa’aan tokko qaamolee hima ijaaran adda addaa ofkeessaa qaba.
Matima – matimni abbaa dhimmaa hima sana hogganuudha. Kana jechuun gochi
raawwatame tokko eenyutu yookiin eenyuun kan jedhu matima hima sanaatu gochicha akka
raawwatu ibsa. Gareewwan jechaa keessaa maqaan yeroo baay’ee akka matimaatti tajaajila.
Maqaan yeroo akka matimaatti galu dhamjechoota adda addaa ofitti fudhata. Dhamjechoonni
matimaa kunniinis: -ni, -i, -n, -tifi mallattoo dhamjecha dhokataa ykn duwwaati.
Fkn. Boruun bishaan daake.
Kutima – qaamni himaa kunniin erga matimni irraa bahee booda kanneen hafaniidha.
Kutimni qaamolee lama antima ykn irraawwatamaafi gochimatti qoodamu.
Fkn. Dureessoon kaleessa sangaa qalee afeerraa taasise.
Aantima ykn irraawwatama – antimni kutaa himaa ta’ee, kan matimni gocha irratti
raawwatuudha. Kan matimni gocha irratti raawwatu kunis;
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
5
Aantima sirrii ykn kallattii – matimni kan kallattiin gocha irratti raawwatuudha.
Fkn. Hordofaan qeerransa ajjeese.
Aantima dalgee ykn alkallattii – gochi raawwatamu/e sun alkallattiin matimaan ta’uusaa
agarsiisa. Fkn. Soolan obboleettii isaatiif uffata bite.
Gochima – gochimni qaama himaa ta’ee, caasaa ijaarsa Afaan Oromoo keessatti dhumarra
kan galuufi gocha matimaan raawwatame kan himuudha. Gochimni matima danuufi qeenxee
waliin galu tokko miti. Kana jechuun gareen jechaa kun dhamjechoota bay’ina agarsiisan
ofitti nifudhata jechuudha.
Walsimannaa Matimaa, Antimaafi Gochimaa—himni tokko gaarii jedhamuuf, walsimannaan
caasaalee himaa jiraachuu qaba. Kunis, matimni danuun, gochima danuu; matimni qeenxeen,
gochima qeenxee fudhata. Akkasumas, matimni koorniyaa dhiiraa qabu, gochima latoo koorniya
dhiiraa agarsiisu, matimni koorniya dhalaas immoo, gochima koorniya dhalaa agarsiisu ofitti
fudhata jechuu dha.
Fknf. 1. Taphachuu inni jaallata kubbaa.
2. Obboleessa ishiin ishii gargaarti baayyee.
3. Jira xalayaa ani barreessaan. Himoonni olitti tarreeffaman kun walsimannaa matimaafi
gochimaa hinguutne. Yoo sirreeffamanii barreeffaman;
1. Inni kubbaa taphachuu jaallata.
2. Ishiin obboleessa ishii baay’ee gargaarti.
3. Ani xalayaa barreessaan jira.
11.2. Hennaa Murannaa
Gochi tokko yeroo eegee raawwatama. Yeroon gochi itti raawwatamu Afaan Oromoon hennaan
ibsama. Hennaan ta’iinsa yeroon raawwatamu kan ibsuudha. Yeroon gochi itti raawwatamu
yeroo darbe, yeroo ammaafi yeroo gara fuulduraa ta’uu mala.
Hennaan murannaa gocha yeroo gara fuulduraatti raawwatamu kan agarsiisu ta’ee, raawwiin
isaa shakkii kan hinqabneedha.
Fkn. Inni deemuuf jira.
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
6
Sababaafi bu’aa – gochi yeroo raawwatu sababa raawwatuuf qaba. Gochi raawwatu bu’aa yoo
ta’u, gochi sun raawwatamuuf immoo ka’umsa kan ta’u sababa ta’a. Fkn. Barattoonni waan
barfataniif, adabaman. Barfachuun isaanii sababa yoo ta’u, adabbiin irra ga’e ammoo, bu’aa ta’a.
Gaaffilee Shaakalaa Boqonnichaa
1. Barattoonni baay’een ariifachuurraa kan ka’e, qormaata kennameef hedduu dhabu. Hima
kana keessatti kan jala sararame tajaajilli isaa maali?
A. kan matimaa B. kan gochibsaa C. kan maqibsaa D. kan gochimaa
2. Walsimannaa caasaa himaa sirriitti kan guute kami?
A. Isin mata duree kanaa gadiirratti mari’anne.
B. Namni guddaan kabajamuu qabdu.
C. Ani jaalala akkasii feeti. D. Jara moo situ dhufuu qaba?
3. Ministeerri muummee biyyattii, torban qulqullinaa labsanii turan. Hennaan himni kun ittiin
ibsame isa kami?
A. hennaa ammennaa C. hennaa raawwima ammennaa
B. hennaa tarsiiqaa D. henna raawwima darbennaa
4. Barattoonni boqonnaa ba’uuf jiru.
A. Hennaa murannaalaa C. Hennaa raawwima ammennaa
B. Hennaa murannaa D. Hennaa ammennaa
5. Hima” leenci bosonuu kaleessa muka jalatti ajjeese” jedhu keessaatti irraawwatamni
(antimni) kami?
A. leenca B. bosonuu C. kaleessa D. muka
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
7
BOQONNAA KUDHA LAMA
FARDAAN GULUFUU
Qabiyyeen boqonnaa kana keessatti dubbisarraa jalqabee hanga xumura boqonnichaatti jiran
aadaa farda gulufsiisuu kan hawaasni keenya itti beeku akka quba qabaattu dubbisa keessatti
kaafame muuxannoo keen walsimsiisaa deemuu akka dandeessu sikakaasa. Sanaan alattis
qabiyyeen inni ofjalatti qabatee jiru;
Hiika jechoota hiika tokkoo olqabanii,
Maalummaa keeyyataafi qaamolee keeyyataa akkasumas barreeffama qopheessuuf
gumee isaa baasuun akka barbaachisu,
Sirna tuqaalee keessaa qoodduufi mallattoo waraabbii dachaa akkasumas hennaa
murannaalaa ilaalchisee ibsa gabaabaa itti kennuun haa jalqabnu.
Gaaffilee dadammaqsituu
Akkamitti fardaan gulufuun aadaa uummata Oromoon walitti dhufa jettee yaadda?
Fardaan gulufuun hawaasa keenya, siifi hiriyootakee maaliif akka fayyadu ibsi.
12.1. Keeyyata
Keeyyati qindaa’ina himootaa irraa ergaa tokko dabarsuuf kan ijaaramuudha. Yaada
dabarsuun barbaadame tokko guutummaan guutuutti hammachiisuun qaamolee keeyyataa
waltumsaa yaada yookiin ergaa tokko dabarsuuf qindaa’an irraa kan ijaaramuudha.
Qaamolee Keeyyataa – keeyyati guutuu ta’e tokko qaamolee adda addaa ofkeessaa qaba.
Kanneenis kanneen kanaa gadiiti:
Hima Ijoo – himni ijoon yaada dimshaashaa keeyyataa kan ofkeessatti qabatee jiruudha.
Himni ijoon yaada keeyyatichaa guutummaatti kan ofkeessaa qabu yoo ta’u, bakkeewwan
adda addaatti argamuu danda’a. Himni ijoon jalqaba, dhuma, gidduu, jalqabaafi dhumarratti
kan argamuudha.
Hima Callaa – himni callaan yaada hima ijoo keessatti ka’e, balballoomsuun fakkeenyaan
deeggaruun, sababa dhiyeessuun jechoota heddummataniin keeyyaticha kan ibsuudha.
Hima Goolabaa – himni goolabaa yaada hima ijoo keessatti gabaabbatee ibsame, irra
deebi’uun gabaabsuun jecha biraa fayyadamuun kan ibsuudha.
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
8
Keeyyati yeroo barreeffamu walqabatiinsaafi guutummaatti yaada qabatee ka’e ibsaa
barreeffamichaaf hiika kan kennuudha. Keeyyata barreessuuf callifameedhuma osoo hintaane,
jalqaba yaada maddisiisuun, gumeesaa qopheeffachuun barreeffama. Fakkeenya kanaa gadii
ilaali.
Faayidaa Barnootaa
1. Naannoo keenya hubachuuf
1.1. Haala jireenya hawaasaa
1.1.1. Aadaa hawaasaa
1.1.2. Walitti dhufeenya hawaasaa
1.2. Walitti dhufeenya hawaasaafi umama naannoo
1.2.1. Hawaasaafi biqiltoota
1.2.2. Hawaasaafi haala qilleensaa
2. Rakkoowwan numudataniif furmaata barbaaduuf
2.1. Rakkoowwan dhuunfaa
2.2. Rakkoowwan hawaasaa
2.3. Rakkoowwan biyyaa
3. Waan haaraa argachuuf
3.1. Kallattii qonnaa
3.2. Kallattii saayinsii
3.3. Kallattii tajaajilaa
3.4. Kallattii fayyaa
Shaakala
Keeyyata gabaabduu gaditti siifkenname keessaa hima ijoo, callaafi hima goolabaasaa
baasii agarsiisi.
Beektonni adda addaa afoolaaf hiika garaa garaa kennu. Hiikaawwan muraasni afoola kallattii
ogbarruutiin yoo ibsan, warreen biro ammo afoola karaa falaasamaafi ilaalcha hawaasa
tokkootiin agarsiisu. Akka waliigalaatti hiikni isaa beektota heddu biratti fudhatama qaba
jedhamee yaadama hiikni isaa dhimmoota heddu ofkeessaatti hammatee argama. Hikichis akkaas
jedha: Afoolli gosa ogbarruu ta’ee, kan sabni tokko eenyummaa, amantii, haala jiruufi jireenyaa
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
9
isaa, heeraafi seera isaa, falaasamaaafi hooda isaa, walumaagalatti, ilaalcha addunyaa kanaaf
qabu afaaniin dhaloota dhufuuf dabarsuudha.
Hima ijoo: ______________________________________________________
Hima callaa: ______________________________________________________
Hima goolabaa: _____________________________________________________
Mallattoo Waraabbii Dachaafi Qeenxee – barreeffama barreeffamu keessatti akkuma caaslugi
afaan tokkoof murteessaa ta’e, sirni tuqaalees barreeffama tokko guutuu gochuu keessatti
nibarbaachisa. Kanneen keessaa, mallattoon waraabbii dachaafi qeenxee niargamu. Faay’idaa
mallattoo waraabbii dachaa keessaa;
Yaada ykn dubbii nama biroo akkuma jirutti waraabuun dhiyeessuuf.
Fkn. “Namni mo’u abdii hinkutu; namni abdii kutu hinmo’u,” jedhe Dhaabaa
Wayyeessaaa
Mata duree kitaaba adda addaa kanneen akka: barruuleee, galaalchaa, asoosamaa, walaloo,
kitaabota seenaafi k.k.f. mallattoo waraabbii keessa galchina.
Fkn. Kitaaba “Kudhaama Seenaa” jedhu dubbiseera.
Yaada ykn dubbii irratti xiyyeeffatamee dhiyaachaa jiru keessa galchuuf.
Fkn. Miidhaa “Malaammaltummaa” akka addunyaatti jiru kaasnee ilaalla.
Yaada namni hundi itti hin amanne tokko keessa galchuun waraabuuf.
Fkn. Namoonni baay’een, “Qabeenyi barnootarra akka wayyutti amanu.”
Mallattoo Waraabbii Qeenxee (‘ ‘) – mallattoon waraabbii qeenxee bu’aa kanneen gaditti
tarreeffaman qaba;
Waraabbii waraabbii biraa keessa jiru ittiin waraabuuf.
Fkn. Barsiisaan keenya, “Kitaaba ‘Godaannisaa’ dubbisaa,” jechuun dubbateera.
Jecha afaan sanaan ala ta’e, yeroo itti afaan sanaan itti dhimma baanu, mallattoo waraabbii
dachaa keessa galchina.
Fkn. Dr. Dureessoon “Sooftiweerii” haaraa argatan hojiirra oolchaniiru.
Hennaa murannaalaa – hennaan kun yeroo gara fuulduraatti gocha raawwatamuuf deemu kan
agarsiisan keessaa tokko ta’ee, gochi kun raawwiin isaa shakkii kan qabu ta’uusaa agarsiisa.
Fkn. Tolashiin nidhufti ta’a.
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
10
Gaaffilee Shaakalaa Boqonnichaa
Gaaffilee gaditti siifkennamaniif yoo sirrii ta’an “dhugaa” yoo sirrii hintaane
“soba” jechuun deebisi.
1. Waraabbii waraabbii biraa keessa galchuuf kan tajaajilu mallattoo waraabbii qeenxeeti.
2. Sirni tuqaalee bakka sirriitti galuu dhiisuun isaa ergaa dabarsuu irratti rakkoo hin uumu.
3. Caasaa hima Afaan Oromoo keessatti matimni qaamaan ifa ba’ee mul’achuu ykn mul’achuu
dhiisuu ni danda’a.
Gaaffilee siifkennaman qubee deebii sirrii qabatee jiru filachuun deebisi.
4. Inni ishee irraa maallaqa liqeeffate. Hima kana keessatti aantimni kallattii kami?
A. Ishee irraa B. Maallaqa C.Ishee D. Irraa
5. Qalamni kun kan eenyuti? Dhamjechi jala sararame tajaajila maaliif oole?
A. Tajaajila mathimaatiif C. Tajaajila haala raawwiitiif
B. Tajaajila aantimaatiif D. tajaajila ramaddiitiif
BOQONNAA KUDHA SADII
ARAMAAFI DHUKKUBA BIQILTOOTAA
Kaayyoon boqonnaa kanaa dubbisa dhiyaateen walqabsiisuun dandeettii afaanii
adda addaa akka gabbifattuufi shaakaloota kennaman irratti hirmaannaa akka gootu
sitaasisu. Qabiyyee dubbisaan alattis hiika jechootaafi waa’een walqabsiistotaa
shaakalaan dhiyaataniiru.
9.1. Walqabsiistota
Walqabsiistonni akkuma afaan biroo keessatti argaman Afaan Oromoo keessas nijiru.
Walqabsiistonni akka jechoota tajaajilaatti itti fayyadamna. Akka kanaan;
Wabsiistota jechuun caasaa ijaarsa afaanii keessatti seerluga eeguun jechaafi jecha, gaaleefi
gaalee, himaafi hima yookiin ciroofi ciroo kan walqabsiisaniidha. Kana jechuun walitti
dhufeenya ykn garaagarummaa yaadotaa kan ifa taasisaniidha.
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
11
Tajaajila isaan qaban irratti hundaa’uun walqabsiistonni bakka gurguddoo afuritti qoodamu.
Isaanis:
A. Walqabsiistota Idaa’ama Yaadaa Agarsiisan
Gosti walqabsiistota kanaa kanneen isaan walqabsiisan sun itti dabalatee yookiin yaada dabalataa
agarsiisuuf kan galaniidha.
Fakkeenyaaf: dabalees, akkasumas, fi, akkuma kanneen jedhan akka fakkeenyaatti kaasuu
dandeenya.
B. Walqabsiistota Filannoo Yaadaa
Walqabsiistonni kun yaadota lamaafi isaa olta’an keessaa tokko filachiisuuf kan oolaniidha.
Walqabsiistota kanneen akka: yookiin, yookiin ammo, ammoo, maleefi k.k.f. akka fakkeenyaatti
fudhachuu dandeenya.
C. Walqabsiistota Yaada Faallaa Agarsiisan
Gosti walqabsiistota kanaa yaadota walfaallessan lama yookiin isaa ol walqabsiisuuf kan
oolaniidha. Fakkeenyaaf. Ta’us, ta’uyyuu, haata’u malee, … kanneen jedhan akka fakkeenyaatti
kaasuun nidanda’ama.
D. Walqabsiistota Bu’aafi Sababaa
Walqabsiistotni kun bu’aafi sababa kan waliif ta’an walqabsiisuuf kan oolaniidha. Fakkeenyaaf.
Kanaafuu, kanaafis, waan kana ta’eef, sababa kanaaf … kan jedhan akka fakkeenyaatti
fudhachuun nidanda’ama.
Gaaffilee Shaakalaa Boqonnichaa
Jechoota siif kennamaniif hiika walfakkii isaanii filadhu
1. laaquu A. borcuu B. sobuu C. soruu D. salphachuu
2. gulummaa A. gamtaa B. waldaa C. dhuunfaa D. garee
3. miliquu A. dhokachuu B. darbuu C. sokkuu D. deemuu
4. fuggisoo A. fakkii B. micciiramaa C. moggoo D. faallaa
5. moggee A. masoo B. moggoo C. qarqara D. faallaa
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
12
B. Gaaffilee gaditti siif kennaman qubee deebii sirrii qabatee jiru filachuun deebisi.
6. Walqabsiituwwan gadii keessaa kan tajaajila yaada faallaaf oolu kami?
A. kana malees B. moo C. ta’ullee D. malee
7. Kanneen gadii keessaa kan adda ta’e kami?
A. akkasumas B. fi C. akkuma D. moo
8. Gatiin meeshaalee ijaarsaa garmalee qaala’e. Jecha gurraacha’eef hiika faallaa kan ta’u;
A. bushaa’e B. miyaawe C. dabale D. dhabame
BOQONNAA KUDHA AFUR (14)
BILILLEE (MAAHIBUUBAA)
Kaayyoon boqonnaa kanaa, seenaa yeroo darbe keessatti namoota guddina
ogbarruu Oromoo keessatti qooda isaanii ba’achaa turan keessaa dargaggeetti
Bilillee jedhamtu kaasuun dandeettii afaaniis skaakaloota keessatti ka’an
hojjechuufi. Qabiyyee kanneenitti dabalataanis;
Hiika jechootaa galumsaan akkasumas faay’idaa galmeen jechootaa qabu ibsuu,
Afoola Oromoo keessaa mammaaksa, hibboofi durdurii, yaada haqaafi yaada dhuunfaa
tilmaamuu,
Mana kitaabaatti fayyadamuufi seenaa jireenyaa barreessuu kan jedhan nijiru.
Gaaffilee
Seenaa keessatti ogbarruun Oromoo akka guddatuuf durirraa kaasanii ga’eesaanii ba’achaa
turan eenyufaa beekta? Kanneen beektu tarreessi.
Ogbarruun Oromoo akka guddatuuf gumaachi isaan taasisan maalfaati? Sababii kanaafis
dhiibbaan kan isaanirra ga’e jiru jettee yaaddaa?
14.1. Afoola ykn Ogafaan
Afoolli ykn ogafaan kalaqa sammuu hawaasaa ta’ee, afaaniin dhalootaa dhalootatti kan
darbuufi miidhagina addaa kan qabu sammuu si’eessuufi kaka’umsa gaarii nama keessatti
uumuuf ga’ee guddaa kan qabuudha. Akkasumsa afoolli ibsituu aadaafi calaqqisiistuu
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
13
eenyummaa saba tokkooti. Kunis kan ibsu afoola beekuun jiruufi jireenya dhuunfaa ibsuurra
darbanii kan hawaasaa beekuudha.
Afoolli jiruufi jireenya hawaasa tokkoo keessatti faay’idaa hedduu qaba. Dubbiin dubbatamu
miira gaariin ykn nuffii malee nama isa dhaggeeffatu bira akka ga’uuf, namni hojiisaa osoo
abdii hinkutatin cimee akka hojjetuuf humna itti gochuuf, sammuu daa’immaniifi isa beekaa
cimsuufi k.k.f. hedduu tarreessuu dandeenya.
Amaloota Afoolaa – afoolli kalaqa biroorraa kan adda isa taasisu amala mataasaanii qabu.
Isaanis:
Uummatummaa – uummatummaan amala afoolaa keessaa afoolli qabeenya nama
dhuunfaa akka hintaane kana jechuun qabeenya uummataa akka ta’e kan agarsiisuudha.
Hurruubummaa – hurruubummaan ogafaan hedduun nama tokkoon akka hinraawwatamne
ykn garee namootaa gidduutti geggeeffamuusaa kan ibsuudha. Fakkeenyaaf hibboo yoo
fudhannee ilaalle yoo xiqqaate nama lama gidduutti adeemsifama.
Lufummaa – amalli afoolaa kun hiikasaa keessatti ibsinee kan dabarre ilaallata. Afoolli
afaan dhalootaa dhalootatti darbaa deemuusaa kan agarsiisuudha.
Yoomessa – yoomeessi afoola keessatti gochi ykn raawwiin afoola sanaa yeroo attamiifi
bakka akkamiitti akka ta’e kan ifa taasisuudha.
Miidhagina – miidhaginni afoolaa akkaataa dhiyeenyaafi kalaqa achi keessatti mul’atu
hawwataa ta’uusaa ykn si’aa’ina miira keessoo namaatti dhageessisuusaa kan agarsiisuudha.
Goorowwan Afoolaa – hojiin kalaqa hawaasaa kun ykn afoolli qabiyyee dhiyeenya isaanii irratti
hundaa’uun bakkeewwan gurguddoo lamatti qoodamu. Kanneenis afwaloofi afseenaadha.
Afwaloo – gooroo ogafaanii keessaa tokko ta’ee, bifa walalootiin kan dhiyaataniidha. Fakkeenya
afwalaloo kan ta’an: geerarsa, weedduu, sirboota adda addaa, faaruu daa’imaafi k.k.f. ta’u.
Afseenaa ykn ogafaan seeneffamaa – gooroo afoolaa keessaa bifa seeneffamaatiin ykn
holooloon kan dhiyaataniidha. Fakkeenyota afseenaa kan ta’an: hibboo, oduu durii, tapha
ijoollee, eebbaafi abaarsaafi k.k.k.f ta’an tarreessuun nidanda’ama.
Mammaaksa
Mammaaksi gosa afoolaa afaaniin dhalootaa dhalootatti darbu ta’ee, irra jireessaan
hawaasa keenya biratti kan beekamuufi heddummina kan qabuudha. Sabni keenya yeroo
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
14
baay’ee bu’aa mammaaksi qabu yeroo ibsu mammaaksumatti dhimma ba’uun “Aak jedhanii
waa tufan; mammaakanii waa himan,” jechuun dubbata. Kana jechuun dubbiin yeroo
dubbatamu mammaaksaan yoo ta’e akka filatamu ibsa. Mammaaksi akka dubbiif dhama ta’e
mirkaneessuufis, “Dubbiin mammaaksa hinqabneefi ittoon soogidda hinqabne hinminyaa’u,”
jechuun faay’idaa mammaaksaa mirkaneessu.
Ergaawwan Mammaaksaa
Mammaaksi kan dubbii dheeraa kurfeessu/gabaabsu/mi’eessu/midhagsu, kan humnaa fi
yeroo qusatu, kan sirritti hubachiisu, kan xiqqaatee namootni lamaafi lamaa ol keessatti
hirmaatuudha. Gosti afoolaa kun bilchina sammuu waan gaafatuuf daa’imman irra
manguddootatu dhimma kan itti baha. Ergaan mammaaksa tokkoos qaruutummaa, tuffii,
jaalala, jibba, hawwii, haqa, abdii, gootummaa, doqnummaa, fi k.k.f. ta’uu danda’a. Namni
tokko ergaa mammaaksaa haalaan hubachuufis dandeettii aadaa, seenaa fi durdurii saba
mammaaku sanaa beekuu qaba.
Abdiif: Iji tokko hin abdachiiftu.
Kan argatanirra kan abdatan wayya.
Doofummaaf: “Doofaa kanatti heerumuu mannaa durbummaan hafuu naa
wayya,”jette intalli.
Gootummaa: Biyya abbaa koo jetteetu injiraan moluurratti duute.
Haqa: Addunyaan guuttee hindhangalaatu.
Gammachuu: “Ayyaanuma kootu dhaba hinjaalanne,” jedhe waraabeessi, gurra
harree ciniinee.
Gammachuu harree duuteetti, waraabeessi guyyaa yuusa.
Tokkummaaf: Waliigalan alaa galan.
Mixiin walqabattee laga ceeti.
Gaabbiif: Eeboo darbatanii jinfuu hinqabatani.
Erga waraabessi darbee, sareen dutti.
Ergaawwan kanneeniin alattis, hiika mammaaksotaaf kennuun nidanda’ama. Hiiki isaanii
kan argamu, mammaaksa mammaaksaan hiikuun, ergaasaanii balballoomsanii ibsuunis
nita’a. fakkeenyaaf hiiki mammaaksotaa;
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
15
1. Kan akka walii loon walitti yaafatti. Kan jedhuuf,
“Kan dhiqantu nama dhiqa,” jette waciitiin.
2. Akka garaa harki surree hinmuru.
Daakaniif hinmarqanii; yaadaniif hinargani.
3. Gafarsi osoo loon fakkaatuu nama nyaata.
Allaattiin fira fakkaattee, simbira nyaatti.
Gaaffilee Of Madaallii
1. Mammaaksi:
A. Dubbii fixa; dubbii fidas. C. Ergaa bal’aa dabarsa.
B. Koobaa dubbiiti. D. Hundinuu deebii dha.
2. Mammaaksa, “Daldala baddee gabaa haaloomfatte.” jedhuuf mammaaksi yaadaan gitu:
A. Biddeena nama quubsu eeleerratti beeku.
B. Kan jibbantu nama dhaala.
C. Akka malee ejjetanii, “maal lafti dabaan kun” jedhu.
D. Alagaan gaafa kolfaa, firri gaafa golfaa.
3. Dubartiin fira hin qabne, _______________________ .
A. mana masaanuutti baqatti C. ormatti godaanti
B. dararamaa jiraatti D. carraa hin qabdu
4. Ganna darbe, ________________ .
A. hin deebisan C. mana hin ijaaran
B. birraatu bari’a D. rooba hin eeggatan
5. Akka hiree malee akka ________ hin bulan.
A. hiriyyaa B. ofii C. Waaqaa D. yaadan
Hibboo – hibboon gosa afoolaa kan bifa gaaffiifi deebiitiin dhiyaatuudha. Innis bilchina
sammuutiif waan gargaaruuf maatiin ijoollee isaanii halkan halkan taphachiisu. Faay’idaan isaas
ijoolleen haala adda addaan taphachaa beekumsa kan ittiin horataniidha. Ittiin bashannanaa irraa
baratu. Bilchina sammuu daa’immaniif bu’aan isaa olaanaadha. Keessattuu hibboo bifa
loojikaawwaan dhiyaatu keessaa baay’ee sammuu ijoollee qaruuf gargaara.
Fakkeenyaf. Namichatu raafuu baatee, re’eefi qeerransa oofee laga tokko ce’uu dhaqe. Jara
sadan tokko tokkoon riqicha irraan gamatti ceesisuu qaba. Eenyuun dura ceesisa? Itti aanseehoo?
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
16
Deebiin hibboo kanaa baay’ee yaaduu gaafata. Kana gochuuf namni tokko waan isa mudatuuf
maal gochuu qaba kan jedhu itti yaadu jechuudha.
Fakkeenya hibboo gaggabaaboo bifa gaaffiifi deebiin dhiyaatan;
Fkn: Osoo nyaatuu kan si nyaatu; garaa gaaraa gugatee daaraa ulate. Deebiin isaa qoraan
Bookkisu malee hin nyaatu; qawweee hinguddatu; hin dulloomus. Deebiin isaa dhagaa
Deemaa oolan bira hin gahan; waaqa yoo tuqan ni booya. Deebiin isaa adaamii
Oduu Durii – oduun durii seenaa addunyaa kana keessatti bara dheeraa dura raawwate seenessa.
Taatewwan raawwataman dhugaarratti hundaa’u. Namfakkiileen achi keessa jiran waanuma
namni addunyaa kana irratti raawwachuu danda’u raawwatu. Akka kanaan gowwaa ykn
abshaala, jaalala/ jibba, dheeraa/ gabaabaa, … jechoota jedhamaniin guutamanii jiru. Irra caalaa
kan yaada namaa hawwatu garuu, gowwummaa, abshaalummaafi sossobamuu namoota sanaati.
Ogbarruu barreeffamaa keessaa asoosama gabaabaadhaan walfakkaatu. Fakkeenya oduu durii
hawaasi keenya ittiin dubbataa ergaa waliif dabarsaa ture akka fakkeenyaatti ilaaluun
nidanda’ama. Fakkeenya 1.
Dur dur leenca, qeerransa, waraabessaafi harreetu adamoo deeman jedhan. Guyyaa
sadiif walitti aansanii homaa dhabanii qoonqoon isaanitti yaate. “Akkamitti
akkana ta’a? Nu keessaa namni cubbuu hojjete tokko jira,” jechuun gumgumuu
jalqabani. Cubbuu jaraafis jalaa ka’ii gaafachuu akka qabu irratti waliigalan.
Dursees leenci faxuulaatii, cubbuu kanaan dura godhe himachuutti ka’e. “Eeyee
natu cubbu godhe. Gaaf tokko jabbii xiqqoo tokko ganda keessatti argadheen
nyaadhe,” jedhe. “Bineensonni kaan miti, kun cubbuu miti,” jedhan. Itti aansuun
qeerransiifi waraabessi cubbuu nuti hojjenne jedhanii kan yaadan walitti aansuun
dubbatatan. Bineensonni kaanis cubbuu akka hintaane mirkaneessaniif.
Dhumarratti, dabareen harree ga’e. “Yeroo tokko namni ba’aa natti fe’ee osoo
deemaa jiruu namtichatti kara deemaan tokko itti dhufee dhaabbatanii haasaa
jalqabani. Anis karaarraa goreen hanga inni dhufutti marga bubbutadhe;
achumaanis fe’iinsi sun natti ulfaannaan itttiin ciise,” jette. Xiqqoo erga
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
17
mariyatanii booda, “Kun cubbuudha; kun cubuudha; sababni rakkoo keenyaa si’i,”
jedhaniin. Achumaan harrettii kukkutanii nyaatan jedhama.
Ergaan oduu durii kanaan darbe maali?
Ati akka nama tokkootti maal irraa baratta?
14.2. Galmee Jechaa
Gaaffilee Ofmadaallii
Faayidaan galmee jechaa maali?
Hiika jecha tokkoo galmee jechaa keessaa argachuuf tooftaan itti fayyadamtu
maali?
Jechoota armaan gadii akkaataa tartiiba isaan galmee jechootaa keessatti
qabaachuu danda’aniin tarreessi
oyiruu lafee yaada gadaa haadha
utubaa mirga ateetee jaalala sibila
ayyaana caaccuu meedhacha nageenya bokkuu
Saay’insiin afaanii caasaa jechaa qoratan xiinjecha jedhama. Afaan tokko
guddate kan jedhamu yoo jechootaan badhaadheedha. Jechoonni afaan tokko
keessa jiran guddina afaanichaaf gumaachi isaan qaban olaanaadha jechuudha.
Jechoonni kun ba’anii akka mul’ataniif, galmeen ykn guuboon jechaa
jiraachuun baay’ee murteessaadha. Galmen jechaa yoo jiraate, waaltina
afaaniitiif iddoo guddaa qaba. Akkasumas galmeen jechaa faay’idaa gaditti
tarreeffaman laata.
Faayidaan galmee jechootaa isaan gurguddaan:
Hiika jechootaa karaa kallattii ta’een, gama adda addaatiin nuuf hiika.
Fakkeenyaaf, jechi yemmuu maqaa ta’u, maqibsa ta’u, xumura ta’u hiikni
isaan maal akka fakkaatu nuuf ibsuuf.
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
18
Galmeen jechootaa haala ogummaarratti hundaa’uun waan qophaa’uuf
gahee ol’aanaa qaba.
Namoonni afheddee akka ta’aniif nigargaara.
Jechoota tartiiba qubeetiin kaahuun akka salphaatti hiika isaanii argachuuf
gahee olaanaa qaba.
Gaaffilee Shaakalaa Boqonnichaa
Gaaffilee gaditti hibboo ilaalchisanii siifkennamaniif qubee deebii sirrii qabatee jiru
filadhu.
1. Wajjumaan nyaannaa maaf huqqatta?
A. harka B. fal’aana C. hiriyyaa D. afaan
2. Ciisu akka reeffaa; ka’u akka leencaa.
A. leenca B. abbaawarraa C. qawwee D. boombii
3. Takka dhayeen si albaase.
A. fincaan B. lun’a C. xaafii D. gingilchaa
4. Hoxxee gamaa balballi lama.
A. funyaan B.ija C. gurra D. miila
BOQONNAA KUDHA SHAN
LOOGA AFAAN OROMOO
Qabiyyeen boqonnaa kanaa looga Afaan Oromoo keessa jiraniifi shaakaloota adda
addaa qabatee jira. Qabiyyeewwan kunniinis;
loogaafi gosoota loogaa Afaan Oromoo keessa jiranii,
hiika jechootaafi yaadota loojikii ta’an ofkeessatti qabatee jira.
15.1. Looga
Loogni adda addummaa sagalee, dhamsaga, akkasumas, jecha haasarratti dubbattoota afaan
tokkoo gidduutti mul’atu, garuu waliigaluu irratti rakkoo uumuu hindandeenye.Kun afaan
kam keessattuu waan mul’atuudha. Afaan Oromoo afaan saba bal’aati. Jechootaan
badhaadhaadha. Garaagarummaan loogaas iddoo baay’eetti nimul’ata. Garaagarummaan
loogaa jiraachuun immoo bu’aan isaa olaanaadha. Loogi haa jiraatu malee, waliigaluu irratti
rakkoo uumu hinqabu. Fuulduratti qorannoofi qo’annoon adda addaa yeroo geggeeffamu
waaltinni afaanichaa daran olka’aa ta’a.
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
19
Gosoota Loogaa
Looga naannoo – dubbattoonni afaan tokkoo, teessuma lafaatiinis ta’ee, caasaa hawaasaatiin
walirraa fagaachuu danda’u. Kanneen teessuma lafaatiin fageenya qaban gidduu akkaataa
fayyadama afaanirraitti (kan dhamsaga, birsagaafi jechaa) garaagarummaa qabaachuu
danda’a. Kun ammoo, hawaasa afaan tokko dubbatu gidduutti haallan gara garaa jiraachuu
agarsiisa. Kanaafuu, loogi naannoo garaagarummaa walirraa fageenya hawaasa tokkootiin
kan uumamu jedhuudha.
Fakkeenya looga naannoo keessa jiran fudhannee yoo ilaalle;
Sadarkaa sagaleetti: ‘akkam’ Oromiyaa Bahaatti, ‘attam’ Oromiyaa Lixaatti
Sadarkaa jechaatti: ‘dalagaa’ Oromiyaa Bahaatti, ‘hojii’ Oromiyaa Lixaatti.
Looga hawaasaa – garaagarummaan loogawwan afaan tokkoo keessatti mul’atan kan
teessuma lafaa qofaa bu’uureffatee osoo hintaane, caasaalee ni ilaallata.Caasaaleen hawaasaa
kunis umrii, korniyaa, qabeenya, taayitaa, sadarkaa barnootaafi kan kana fakkaatu
bu’uureffata. Caasaan afaan hawaasa tokkoo caasaalee hawaasaa kunneen bu’uureffachuun
garaagarummaa agarsiisuu danda’a. Garaagarummaan fayyadama afaanii haala kanaan
argamu ammo looga hawaasaa jedhama. Kanaafuu, loogi naannoo garaagarummaa karaa
adda addaa kan hawaasa bakka tokko keessa jiraatu gidduutti mul’atu kanneen akka sadarkaa
barnootaa, umuriin, saalaan, garaagarummaa ogummaa hojiin argamu gidduutti kan
uumamuudha.
Fknf. Hojjetaa hojiin isaa misooma qonnaarraa hojjetuufi ogummaa dhimma fayyaan
walqabatee baratanii itti fayyadaman tokko miti.
Fakkeenya biraa yoo fudhanne, barattoonni Yuunimbarsiitii jechoota akka kaaffee fannisuu,
jedhan yeroo dubbatan gara hawaasa isaanii yoo dhufan jechi kun naannoo yuunimbarsiitiifi
kolleejjii qofatti waan argamuuf isaaniif haaraa ta’uu mala.
Fakkeenyota looga naannoo godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti dubbataman keessaa
kanneen muraasa ta’an ilaaluuf;
♣ Jechi ‘absoo’ jedhu godina Shawaa keessatti hiikisaa ‘Kibxata’ jechuutti hiikama.
♣ Hojja duree kan jedhu ‘Wiixata’ kan jedhutti hiikama.
♣ Godina Arsii keessatti ‘qaaquu’ kan jedhu ‘haasa’uutti’ hiikama.
♣ Godina Baaleetti jechi ‘handarii’ jedhu hiikisaa bakka biraatti ‘gugee’ bakka bu’a.
♣ Qaabachuu………………………….yaadachuu
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
20
♣ Awwala…………………………….dura
♣ Cufa………………………………...mara
♣ Kora…………………………………walga’ii
Yeroo baay’ee rakkoon daree qormaata Afaan Oromoo keessa jiru, jechoota heddummatan
beekuu dadhabuurraa kan ka’e, qormaatatti miklaa’inni barattoota bira jiru hamma jedhamu miti.
Kanaafiyyuu, hiika jechootaa karaalee miidiyaa hawaasaa akkasumas barraa’anii jiran haalaan
caqasuun barattootarraa akka eegamu himuun gaariidha.
Gaaffilee Shaakalaa
Hiika jechoota gaditti kennamanii barreessiif.
1. Fulaa
2. Tamtoommoo
3. Carii
4. Baannachuu
5. Bantii
6. Taruu
7. Alaada
Jechoota haaraa gama biroon waan isaan bakka bu’an ilaaluuf;
Looniif horii, hoolaafi re’eef bushaahee; looniif gaana, waraabeessaaf - kora;
Kormi horii qabate, kormi gaalaa ciibsate; sa’a dhala dhabeen maseente, yoo hin dhalin hafteen
dhankaaka, dubartii hin dahiniin dhabduu; sa’a aannan hin qabneen baakkuu; re’ee hin
dhalleen goromtii, lukkuu hin hanqaaqneen sookkee/goromtii; dhiirri hin fuune qeerroo,
shamarri hin heerumne qarree; qubaaf qubeelaa, harkaaf gumee; mormaaf amartii, miilaaf
albuu, gurraaf lootii, ilkaaniif kaarruu, funyaaniif kokona, namaaf obbaatii, harreefi fardaaf
coofira,Birraafbari’e, gannaafgale;Kan nyaata dhabeefbeela’e, kan uffata dhabeefdaare;Xaafiif
ni haamu ataraaf nibuqqisu; Dhagaa sibiila itti qaran qarsaa, dhagaa abidda
cinaasunsuma;Namaaf harka arbaaf, gumbii;Tumaaleessi fooniif ameessi aannaniif; Gaala
ilmaan horee/dhalee jiruufgurroo, gaala fe’uumsaaf gaheen soosaa,fardidhalaan
qalaamaa/ganyaa; obboleettiin abbaa warraa sayyuu, dhiirotni obboleewwan waliifuudhan
gobbaanii jedhamu.
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
21
Gaaffilee Shaakalaa Boqonnichaa
Gaaffilee gaditti dhiyaataniif akkaataa gaafatamteen deebisi.
1. Loogni maali?
2. Gosoota loogaa tarreessi.
3. Gosoota loogaa tarreessiteef fakkeenya lama lama kenni.
Akka seera loojikiitti jecha sirrii ta’e filadhu.
1. Ameessi aananiif yoo ta’e, tumaleessi ___________________ta’a.
A. Lafeef B. gogaaf C. qonnaaf D. fooniif
2. Namaaf guntuta yoo ta’e, gurruun ammoo.__________________
A. hoolaa B. horii C. ra’ee D. hunduu deebiidha
3. Goromtii jedhee korbeessa yoo jedhe, jibicha jedhee,_________ jedha
A. hoola B. tumaalessa C. raada D. korbeessa
4. Sangaa jedhee mirgoo yoo jedhe, suubboo jedhee______________jedha
A. qeerroo B. farda C. gaangee D. haarree
5. Dhadhaa jedhe baksaa yoo jedhe, aannan jedha ____________ jedha.
A. itittuu B. dhama C. ayeetuu D. baaduu
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
22
BOQONNAA KUDHA JA’A
YEROO YEROON QABI
Kaayyoon boqonnaa kanaa hojiilee kalaqaa kan ta’an kan dhuunfaafi hawaasaa ta’an
maalummaafi fakkeenyotaan gabbisuun dandeettii afaaniin walqabsiisuun daree barnoota afaanii
ittiin hordofuufi hojjechiisuuf dhiyaateera. Qabiyyeewwan kunniinis;
Walaloofi gosootaafi amaloota isaanii,
Ciigoofi qaamolee isaa,
16.1. Ogbarruu
Ogbarruun kalaqa sammuu ta’ee, jechoota filatamoodhaan yaad barbaade afaaniinis ta’ee,
barreeffamaan mi’eessee miidhagsee kan dhiyeessuudha. Ogbarruun kalaqa sammuu dhala
namaa, ogummaafi dandeettii, aadaa, duudhaa, falaasamaafi haala jiruufi jireenyaa,
akkasumas dhageettii keessoo ofii, gaddaafi gammachuu qaban kan ittiin ibsataniidha. Akka
kanaan barreeffamni holooloofi bifa walaloon dhiyaatan hojii kalaqaa taanaan ogbarruu jala
galu. Asoosamni, ogwalaloofi do’iin ogbarruu jalatti ilaalamu.
Ogwalaloo – ogwalaloon gosa ogbarruu barreeffamaa keessaa tokko ta’ee, jechoota humna
qabaniin yaada bal’aa ofkeessatti qabatee, miidhagina sagalee, filannoo jechootaa, dhikkisa
hubatamaa, walqixxummaa birsagootaa, unata sagalee kan ofkeessaa qabu gabaabina
addaatiin kan beekamuudha.
Amaloota ogwalaloo
Qabatamummaa -- Waloon addunyaa dhugaa keessatti gurraan kan dhageenyu ijaan
kan ilaallu walaloo keessatti miiraan ykn yaadaan akka nutti dhaga’aman godheeti
qindeessa. Kunis dubbisaan/dhaga’aan akka hirmaatuufi yaada itti kennu waan godhuuf
walaloon qabatamaa ta’ee argama. Walaloo tokko dubbisnee yoo xumurre yookiin erga
dhageenyee booda jaalachuu, jibbuu, tuffachuu yookiin dinqisiifachuu dandeenya. Kunis
kolfaan, booyichaan yookiin gocha biraatiin callaqqisiifamuu danda’a.
Suurmiira qabaachuu -- Ogwalaloon amala suurmiiraa qaba yoo jedhamu jechi ittiin
dhiyaate miira keessa dubbisaatti dhageettii (feeling) fi fakkii uumuu danda'uu isaa
jechuudha.
Qusannaa Jechaafi Walitti Qabama Yaadaa – Ogwalaloon filannoo jechaafi yaadaati
gaafata. Jechoota babbareedaafi yaada haala gaariin dabarsuuf kan humna qabanitti
fayyadama. Qusannaan kan maddu yaanni iddoo tokkotti cuunfamee dhiyaachuu
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
23
isaatirraayi. Ogwalaloon fuula baayyeedhan hindhiyaatu; seenaa guutuus nuuf
hinseenessu. Yeroo baayyee sarara xiqqoodhan sana oli dheerate yoo jedhame immoo
fuula muraasaan dhiyaata
Sirna Yeedaaloo Yookiin Muuziqaa Qabaachuu – muuziqaan sagalee jechoonni
uuman, yeedaloo qindoomina sagaleetiin uumamuufi sirnaan tarreeffama jechootaa irraa
kan ka’een miira namaa tuquudhan dhageeffataan akka hirmaatu kan godhuudha.
Meeshaa adda addaa, sirbaafi sochii qaamaa osoo hindabalatin miira nama booji’uu
danda’uun isaatis kan maddu amala walaloo waan gonfateefi.
Caacculee Ogwalaloo – Caacculee walaloo jechuun hojii walaloo tokko ijaaruuf qaamolee adda
addaa jiraachuu danda’aniidha. Isaanis safara, yaa’a sagalee, bilbila sagalee, toora, buufata, irra
deddeebii qubee dubbifamaa (alliteration), irra deddeebii qubee dubbachiiftuu (assonance), kkf.
Safaraafi Yaa’a Sagalee -- Safarri yeroo baayyee adda bahee kan ittiin beekamu haala
teechumaafi baay’ina birsagoota toora walaloo keessa jiraniitiin. Yaa’insi sagalee (rhythm)
jechuun yaa’insa jechootaa safaramuu danda’aniifi sirnaan qophaa’ina afaanii kan mul’isu
jabina, laafinaafi haara galfannaa birsagootaa kan agarsiisuudha.
Fkn. Intala abbaa gadaa bareedduu magaallee
Kan mudhiin migiraa, kan maddiin bortollee
Sijaalladhee du’ee naajedhikaa tolee. Walaloo sarara sadii kana yoo ilaalle safara ykn
walqixxummaafi yaa’aan sagalee waloo dubbisu irratti hundaa’uun nijira jechuudha.
Tooraafi Buufata – Walaloo keessatti jechoonni walitti qindaa’anii yaada tokko ibsuuf sarara
sararaan taa’u. Sararri tokko toora/bo’oo (line) jedhamee waamama. Walaloon akkuma
barreefama biroo fuula waraqaarratti toora tooraan adda adda ba’ee barreeffama. Haa ta’u malee,
walaloo keessatti toorawwan ykn bo’oowwan kun kan irratti hundaa’an safara tarkaanfii
(meterical foot)fi xiyyeeffannaa caasaalee sagaleewwan dhuma bo’oowwan kanaarra
jiraniinidha. Bo’oowwan walaloo kunneenis walitti qindaa’uun buufata (stanza) uumaa deemu
jechuudha. Buufanni kunis buufata bo’oowwan lama, sadii, afur, shaniifi kkf qaba jedhamee
waamamuu danda’a jechuudha.
Bilbila Sagalee – Bilbila sagalee jechuun walaloo tokko keessatti yeroo baay’ee dhuma
gubbaatti sagalee walfakkaatuun xumuramuu jechuudha.
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
24
Gaaffilee Shaakalaa
Gaaffilee Walaloo Dhiyaate Irratti Hundaa’uun Siifkennamaniif Qubee Deebii Sirrii
Qabate Filadhu.
Qofaa jiraachuurra waliin ta’uutu caala
Tokkummaan nuuf humnaa eenyutu wal’aa’a
Hiriyyummaan keenyaa obbolummaa caalaa
Ollaa tokko hinturre kan dhufne alaala
Hariiroon kankeenyaa isa maatii caala
Safuufi aadaa keenyas walumaan baranne
Aadaafi sirna Gadaa waliin guddifanne
Ayyaantummaa keenyas waliin gabbifanne
Oromummaa keenya waliin dagaagfanne
Wanta gaarii gadhees walumaan simanne
Yaa hiriyoottankoo baga walbaranne
Yoo tokko gammade walumaan gammannaa
Gadda kankeenyallee walumaan hirmaanna
Yoo tokko rakkate walbira dhaabbannaa
Rakkoo numudateef walbira dhaabbanna
Jila adda addaa walumaan kabajnaa
Wajjiniin beelofnee walumaan dheebonna
Wajjin nyaannee dhugnees walumaan gammannaa
Qoosnee sesseequudhaan wajjiniin taphannaa
Madda: (Tarruu Unguree (2013) Bishaantu Dheebote)
1. Humna kan jedhame maali?
A. diinummaa B. tokkummaa C. gootummaa D. doofummaa
2. Walaloo kana keessatti sarara lamaan walitti hidhaman keessaa birsagisaanii walqixa kan
hintaane isa kami?
A. 1 fi 2 B. 2 fi 3 C. 6 fi 7 D. 8 fi 9
3. … qoosnee sesseequudhaan… maal jechuusaati?
A. Waltuttuquu B. walitti dheekkamuu C. waliin kolfuun D. waliin nyaachuu
4. Mata duree walaloo kanaa kan ta’u isa kami?
A. Firoottankoo B. obboleewwankoo C. maatiikoo D. hiriyoottankoo
5. Walaloon kun bo’oo meeqa qaba?
A. 3 B. 12 C. 19 D. 7
16.2. Ciigoo
Ciigoon gosa afoolaa ta’ee kan jechaan, gaaleefi himaan dubbatamuudha. Yeroo baay’ee
himoota toora lama qabaniifi yaa’aa walii qabaniin dhiyaata. Yaadni/jechi/ dhimmoota ifaafi
iccitii hammatee jiru dubbii dacha/sobbooqoo/ jedhama.
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
25
Dubbiin dachaa kunis ergaa lama of keessatti qabata. Ergaan lamaan kunis soorgoo/lafee/fi
sookoo/dhuka/ jedhamu.
Soorgoon ergaa ifaafi fuullee jiru kan yaada walaloo ciigichaa waliin deemu yoo ta’u,
Sookoon immoo ergaa dhokataafi iccitii, kan yaada walalichaa hin bu’uureffanneefi kan
yeroo baay’ee sarara dhuma walalichaa irraa baafamuudha. Ciigoo irraa soorgoo baasuun kan
salphatu yoo ta’u, sookoo baasuun immoo xiinxalaafi irra deddeebi’anii dubbisuu waan
gaafatuuf ulfaataa dha. Jechootni dachaa kunneenis sadarkaa jechaatti, gaaleetti ykn himaatti
kan argaman yoo ta’u, isaanis bifa walaloo ykn hololootiinis dhiyaachuu (qophaa’uu) ni
danda’u. Tooftaalee sookoo ittiin dubbii dachaa ciigoo keessaa baasuun danda’amu keessaa:
Jecha dubbii dachaa ciigoo sanaa hiikasaa irra deddeebiin dubbisuun hiika lama kan qabu
baasuun.
Fakkeenya. Muka mukarraan koranii
Nama namarraan barani.
Sobbooqoo – namarraan barani
Soorgoo – nama kan biroo karaa namaa barani
Sookoo – nama maqaansaa Namarraa jedhamu
Jechoota dubbii dachaa ta’an sana walitti butuun ykn walirraa faffageessuun dubbisuun
baasuu.
Fakkeenya. Intala ilkaan baddeessaa
Quba natty hinqabin namadeessaa.
Sobbooqoo – na madeessaa
Soorgoo – madaa natti uumaa
Sookoo – mucaa deessaa
Ciigoo sana keessatti jecha dubbii dachaa sana dheeressuun yookiin gabaabsuun, laaffisuun
ykn jabeessuun akkasumas sagalee irraa haquun ykn itti dabaluun sookoo baasuun
nidanda’ama.
Fakkeenya. Kaleessa galgala yeroo xaafii haamtu
Natu sigargaare ati haamaa hinbeektu.
Sobbooqoon isaa – ati haamaa hinbeektu
Soorgoo – xaafii haamuu hinbeektu
Sookoo – hamaa hojjechuu hinbeektu
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
26
Gaaffilee Shaakalaa Boqonnichaa
1. (a) Mucayyoon barii kaatee laga buute
Bishaan waraabuu sodaattee galte.
(b) Daddarbaankee alanaa baay’ee ishee lafafe
Jechikee baranaammoo garaatti ishee hafe.
Ciigoo ‘a’ irratti kennameef sobbooqoon maal ta’a?
A. laga buute B. bishaan waraabuu C. sodaattee galte D. barii kaatee
2. Ciigoo ‘a’ irratti kennameef sookoon maal ta’a?
A. bishaan budduqsuu B. waraabessa sodaattee
C. sodaan galte D. bishaan hin waraabamne
3. Ciigoo ‘b’ irratti dhiyaateef sookoon maal ta’a?
A. dubbiin tuquu B. kan bara kanaa C. ulfa taate D. waa’eesaatu odeeffame
4. Biyya dhadhaafi dammaa kan daangaa Amuruu
Gidda gidduu lafaa kan moggaa taa’u hin jiru. Soorgoon ciigoo kanaa;
A. Namni hunduu gidduu lafaa jiraata
B. Namarraa injiraan funaanu.
C. Namni hunduu moggaa jiraata.
D. Namni hunduu jireenya giddu galeessaa jiraata.
5. Sookoon ciigoo gaaffii ja’affaa kam ta’a?
A. Namni hunduu gidduu lafaa jiraata
B. Namarraa injiraan funaanu.
C. Namni hunduu moggaa jiraata.
D. Namni hunduu jireenya giddu galeessaa jiraata.
6. Mee hinjarjarinaa xiqquma nuu obsa
Dhugaa biyya jirtuu Waaqni amma ibsaa. Sookoon ciigoo kanaa
A.haqa biyya jirtu C. biyyi kan keessanii
B. waan dhugamu dhugaa D. hinariifatinaa.
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
27
BOQONNAA KUDHA TORBA
GARAA WALITTI NAHE
Qabiyyeen boqonnaa kana jalatti dhiyaatan ogbarruufi ogafaani. Dubbisa asoosama
gabaabaan dhiyaate keessaan dandeettii afaanii adda addaa gabbifachaa maalummaa
asoosamaa akka hubattuuf sigargaara. Kaayyoo kana galmaan ga’achuufis shaakaloota
kitaaba barattootaa keessa jiraniifi kanneen dabalataan siifdhiyaatan haalaan hojjechuun
sirraa eegama. Qabiyyeewwan kunniin: Asoosama
Dubbii qolaa
Jechamaafi kanneen biroon niargamu.
17.1. Asoosama
Asoosamni gosa ogbarruu barreeffamaa bifa holooloon dhiyaatu keessaa tokko ta’ee, kan
barreessaan gochaalee addunyaa haqaa keessatti namoota hawaasa keessa jiraataniin
raawwataman ykn raawwatamuu danda’an bu’uura godhachuun akka hubannoofi muuxannoo
isaatti qindeessee kan barreessuudha. Asoosamni fakkii lubbu-qabeessa yaanni sammuu
barreessitoota keessaa madde ykn gochaaleen dhuguma raawwataman barreessitootaan
uumamanii mudannoofi gochaalee adda addaa seenessuuf kan gargaaruudha.
Caacculee ykn Ruqoota Asoosamaa – caacculeen asoosamaa asoosamni yeroo barreeffamu
kanneen asoosama tokkotti lubbuu horuun hojii kalaqaa ta’uusaa agarsiisaniifi ulaagaa
asoosamichaa madaalsisaniidha. Kanneen gaditti tarraa’an ta’u:
Sabseena (jaargocha): Sabseenaan ykn jaargochi jechoota sababaafi seenaa ykn ijaarsa
/caaseeffama/ gochaa jedhaman irraa kan ijaarame yoo ta’u, innis haala ijaarsa jalqabbii,
adeemsaafi raawwii seenaa asoosamaati. Kanneen dubbistoonni asoosamaa yeroo dubbisan
maal arguuf jedhanii taatee itti aanu bira ga’uuf ariifatan jaargocha asoosama sanaati.
Tartiibni sabseenaas seensa, finiina, bantii miiraa, furmaataafi xumura dha.
Qooddataa: Qooddataan namfakkiiwwan asoosaan yaadargaan uumuudha.
Waldhabbii: Waldhabbiin walitti bu’iinsa qooddattoota asoosamaa gidduutti mul’atuudha.
Innis waldhabbii namni uumama, haala, hawaasaafi ofiisaa waliin taasisu ta’uu danda’a.
Yoomeessa: Yoomeessi jechoota yoomiifi eessa jedhaman irraa kan camadame yoo ta’u,
innis seenaan asoosamichaa bakkaafi yeroo kamitti akka raawwatame kan mul’isuu dha.
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
28
Ija ittiin seeneeffamu: Miseensi kun gita seenaan ittiin dhiyaatuudha. Innis kallattii
seeneessa 1ffaa, 2ffaafi 3ffaa ta’a. Garuu, gitni 2ffaa haasa ykn waliin dubbii qooddattoota giddutti
adeemsifamu waan ta’eef yeroo baay’ee hinmul’atu.
Dhaamsa: dhaamsi ergaa jabaa dhuma seenaa asoosamaa irratti hubatamuudha.
Gosoota asoosamaa -- Asoosamni bakka gurguddoo lamatti qoodama.
Asoosama gabaabaa -- Gosti asoosamaa kun xumuraaf kan ariifatu, kan wal hin xaxne,fi
galma, ijoo dubbiifi muudannoo tokko, amala hurrubummaa, yeroo murtaa’aafi miseensota
muraasa kan qabuudha.
Asoosama dheeraa -- Asoosamni dheeraan asoosama gabaabaa caalaa miseensota/ruqoota
asoosamaa qaba. Kunis sabseenni, qooddattootni, yoomeessi, dhaamsi, waldhabbii,fi
garumsi/kallattii ittiin seeneeffamu kan asoosama gabaabaa keessatti argamu muraasa yoo
ta’an, asoosama dheeraa keessatti immoo ni heddummatu jechuudha.
17.2. Dubbii Qolaa ykn Malleen Dubbii (Sadoommii)
Dubbiin qolaa gosa ogafaanii ykn afoolaa keessaa tokko ta’ee, maanguddoonni Oromoo durii
afaaniin, barreessitoonni jabanaa asoosama, do’ii ykn diraamaa, walaloofi barreeffama
hololoo isaanii keessatti dhimma itti bahu. Malleen dubbii kunneenis haasaan yookaan
barreeffamni keenya qulqullina akka qabaatu kan godhan, ergaa barreeffamoota ogbarruu
cimsuuf kan tajaajilan, miira kan kakaasan, midhaagina kan gonfachiisan, ergaan dabru
sammuudhaa akka hin banneefi hin irraanfatamne kan taasisanii dha.
Faay’idaa dubbiin qolaa qabu, dubbii yookaan barreeffama keessatti sagalee akka rasaasaa
dhuka’u uumuun miidhaksee miira namaa kakaasuun akka ergaa hubatan nama taasisa. Miira
keessa namaa jiru ibsachuuf bakka guddaa qaba. Dubbii tokko alkallatiin ibsachuuf
namoonni baay’een sadarkaa adda addaatti dhimma itti bahu. Malleen dubbii kanneen gaditti
tarreeffama fakkeenya isaanii waliin ilaali.
Akkasaa (akkee) -- Gosti dubbii qolaa kun wantoota lama yookaan isaa ol kan uumamaan
tokko hin taane amala isaanii jechoota akka,fakkaatayookaan hamma/hanga/ jedhamanitti
fayyadamuun walbira qabuun walmadaalchisuudha.
Fkn: Ilkaan ishee aannan fakkaata.
Harki ishee akka cabbii qorra.
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
29
Bakka buusa/ bakkasaa/ iddeesa – amala waan tokkoo waan birootiif kenninee karaa
alkallattii ta’een bakka buusuudha. Akkuma akkasaa iddeessis walfakkeenya wantoota
lamaafi lamaa olii ibsa. Garuu mala dubbii kana keessatti jechoota ittiin waldorgomsiisan hin
fayyadamnu.
Fkn: Oromoon kanniisa.
Gurbaan sun cululleedha.
Isheen lubbuu kooti.
Atee (ateessa) -- Uumama nama hin taanetti, akka namaatti yoo itti haasofnu yookiin itti
dubbannuudha. Garuu, uumamni sun haasa keenyaaf deebii kennu hinqabu.Yeroo baay’ee
miira gaddaa, naasuufi aariin guutame keessatti kan itti fayyadamnuudha.
Fkn: Yaa tulluu nana atumti na oolchi.
Hara Danbal harka natti hiixadhu.
Nameessa – Amala ilma namaa uumama biroof kennuudha; uumamni biro sunis amala ilma
namaa gonfatee akka namaatti haasa’a, iyya, boo’a, gadda, hojjata, fik.k.f.
Fkn: “Kan garaa malee kan maqaa yoom nu dhibe ,” jedhe waraabeessi.
‘’Yaa afaan’’ jette funyaan.
‘’Saree sodanne malee, boqqoolloo argineerra,’’ jedhe jaldeessi.
Gurra guddisuu /ukukkubee/arbeessuu -- Amala wanti tokko uumama isaatiin qaburratti
daballee gurra guddisuun yeroo dubbatamuudha.
Fkn. Ililleen qaqaa harcaase
Mannisaa arba gulufsiisa.
Anyarsuu ykn busheessuu -- amala wanti tokko uumama isaatiin qaburraa gadi-buusuun
ykn busheessuun yoo dhiyeessinuudha. Akkasumas waan hawaasaan fudhatama hin qabneefi
jibbamaa ta’e tokko, akka hin raawwanne kan taasisuufi barsiisuudha.
Fkn. Qallattee lilmoo taate.
Ilkaan hin qabdu, rigaa harkaa hin dhabdu.
Habalaka – afaaniin qofa faallaa waan yaadaa jirruu haasa’uu dha. Innis bifa qoosaafi nama
kofalchiisuutiin dubbatamuu danda’a.
Fkn: Daa’ima waa balleesseen, haatisaa, “Ishoo waan gaarii naaf hojjattee ittuma fufi,” jetti.
Nama gabaabaan ‘birbirsoo’; nama gurraachaan immoo ‘faranjoo’ jechuu.
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
30
Mitihee (eemitii) sob-dhugaa – Yaadotni lama kan walfaallessan irra keessaan soba
fakkaatanii waan dhugaa ta’e yoo dabarsaniidha.
Fkn. Otumaa ilaaluu hin argu.
Ni nyaata; hinquufu.
Fakkoommii – Wanti tokko akka mallattootti waan birootiin kan beekamuufi ergaa waan
sanaa kan dabarsu yoo ta’eedha.
Fkn: dukkanadoofummaa; Ifaqarooma; bokkuuaangoo;
Maqsuu – dubbiin qolaa kun jechootaafi gaaleewwan sirrii ta’an caalaa jechoota sasalphoofi
gammachiisaafi alkallattii fayyadama. Safuu/taboo/ eeguu ofkeessaa qaba.
Fkn. Bakakkaa jechuurra waan rooba keessaa jedhu.
17.3. Jechama
Jechamni gosa afoolaa ykn ogafaanii keessaa tokko ta’ee, wantoota qabatamaan mul’atan
fudhachuun yaada dhokataa ta’e ittiin dabarsuuf kan ooluudha. Jechamni jecha ykn waan
beekamaarraa haa fayyadamnu malee hiika dhokataa dabarsuu barbaadameen haalaan
uummanni afaanicha dubbatu ergaasaa ittiin kan dabarfatuudha. Gabaabaadhumatti, jechamni
jechoota jechoota adda addaa ofitti fudhatee jecha ijaan arginuun duubatti hiika/ergaa
dhokataa kennuu danda’uudha. Yeroo tokko tokko jechamootni qaama namaatiin ykn waan
birootiin walqabsiisamanii dubbatamu. Fakkeenya jechamootaa uummatni keenya baay’inaan
itti dhimma ba’u keessaa;
Harka wayaa jalaan = dhoksaan
huuruu dhiibe = dallane
Funyaan bira = dhiyoo
Gurra gate = qaanii wallaale
Mataa buuse = qaana’e/gadde
Gaaffilee Shaakalaa Boqonnichaa
Gaaffilee gaditti siifkennamaniif qubee deebii sirrii qabatee jiru filachuun deebisi.
1. Inni tokko namfakkii asoosama keessatti argamu dha.
A. qooddataa B. waldhabbii C. sabseena D. garumsa
2. Caaccuun asoosamaa kan bakkaa fi yeroo seenaan asoosamichaa itti raawwate agarsiisu:
A. Ergaa B. yoomeessa C. kallattii seeneessuu D. seenaa
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
31
3. Gosti asoosamaa kan caacculee/miseensota/ asoosamaatiin baay’ina ykn bal’ina qabu?
A. dheeraa B. gabaabaa C. walaloo D. hin murteeffamu
4. Waldiddaan/walitti bu’iinsi/ namfakkiiwwan asoosamaa gidduu jiru maal jedhama?
A. ergaa B. qooddataa C. waldhabbii D. sabseenaa
Gaaffilee gaditti dubbii qolaa ilaalchisuun siifkennamaniif qubee deebii sirrii qabatee jiru
filachuun deebisi.
5. Malleen dubbii ilaalchisee soba kan ta’e isa kami?
A. Dubbii fi barreeffama keessatti midhaagee fi salphatee dhiyaata.
B. Fakkii sammuutti waan uumuuf akka salphaatti hin irraanfatamu.
C. Dubbii baratamerraa jal’atee, walaloo fi hololoonis ni dhiyaata.
D. Humnaa fi bareedina dhaamsaa ni hanqisa.
6. Uumamni biroo amaloota ilma namaa yoo fudhate dubbii haalawaa kamiif fakkeenya ta’a?
A. mitihee B. nameessaa C. bakkasaa D. akkasaa
7. Qolli dubbii dhaamsa irra keessaan soba fakkaatee waan dhugaa ta’e dabarsu:
A. bakka buusa B. ukukkubee C. mitihee D. akkee
8. Haasaan isaa akka nadhii dammaatti mi’aawa.
A. akkasaa B. bakkasaa C. arbeessaa D. nameessaa
9. Isheen naaf damma daamuu dha.
A. akkee B. iddeesa C. anyarsuu D. ukukkubuu
10. Ni nyaata; hin quufu.
A. anyarsuu B. mitihee C. bakkasaa D. akkasaa
Gaaffilee jechama ilaalchisanii siifdhiyaatan qubee deebii sirrii qabatee jiru filachuun
deebisi.
11. ciqilee jabaata A. ni joora B. doqna dha C. cimaa dha D. arjaa dha
12. lafeetti bahe A. huuqqate B. firoome C. sardame D. jabaate
13. waca simbiraa A. sursura B. halkan waarii C. barii barraaqa D. galgala
14. aagii tufe A. dallansiise B. firoome C. itti mufate D. dhiifama godhe
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
32
BOQONNAA KUDHA SADDEET (18)
XALAYAA BARREESSUU
Kaayyoon boqonnaa kanaa, xalayaa barreessuufi gosoota isaafi qaamolee xalayaa keessa jiru
ibsuufi shaakaloota dandeettii afaanii gabbisaniifi qubguddeessatti akkamiin akka fayyadamtu
quba siqabsiisa.
18.1. Xalayaa
Xalayaan gosa barruu kan dhaamsa barbaadame karaa barreeffamaatiin ergaa ittiin
dabarfatanii dha. Xalayaan kunis xalayaa hiriyyaa, gaddaa, afeerraa, gammachuu,
odeeffannoofi iyyannoo jedhamuun bakka adda addaatti qoodama. Haa ta’uu malee
xalayaalee kanneen bakka gurguddoo lamatti qooduu nidandeenya. Walumaagalatti,
xalayaaleen kunneen barreeffamaan dhiyaachuu isaaniitiin, ergaa dabarsuu isaaniitiin, addaan
fageenya iddootiin kan hindaangeffamne ta’uu fi k.k.f. walfakkeenya qabu.
Xalayaa dhuunfaa – gosti xalayaa kun kaayyoo ykn ergaa qaamota dhuunfaa gidduutti
adeemsifamu irratti hundaa’ee, xalayaalee akka hiriyyaa, michuu, gaddaa, afeerraafi gammachuu
fa’a hammachuu nidanda’a. Xalayaan dhuunfaa ykn hiriyyaa yommuu barreeffamu jechoota
alidileetti fayyadamuu danda’a; nagaa gaaffii qaba; lakkoofsaafi chaappaa hin qabu.
Xalayaa hojii – Xalayaan hojii xalayaalee dhimma hojii irratti hundaa’anii barreeffamaniidha.
Qabiyyee xalayichaa irratti hundaa’amees xalayootni akka gaddaa, afeerraa, gammachuu,
odeeffannoofi iyyannoo xalayaa hojii jalatti ramadamu. Xalayaan hojiifi dhuunfaa kaayyoo
isaaniitiin adda adda dha. Xalayaan hojii dhimma hojii irratti kan barreeffamuudha. Innis
jechoota idileetti fayyadama; lakkoofsa, galmeefi chaappaa niqabaata. Akkuma beekamu
xalayaan odeeffannoo, iyyannoofi k.k.f. xalayaa hojiiti.
Kutaalee Xalayaa – Xalayaa barreessuun dhimma ogummaafi muuxannoo gaafatuudha.
Gosonni xalayootaa hedduun waan jiraniif, xalayaa barreessuun isaa kana jedhanii barreessuun
baay’ee rakkisaadha, wantoota xalayaa keessatti ijoo ta’an yoo akka itti barreessan yoo barame
gahaadha.
A. Teessoo: Teessoon xalayootaa kan barreeffamu jidduutti hiquun yoo ta’u, maqaa namicha
ergamuufi, aanagoo, maqaa waajjiraa/dhaabbatichaa/ yoo namicha barreessituuf hinbeekne
iddoo duwwaa yookiin aangoo isaan qabaniin barreessuu.
Fkn. Itti gaafatamaa humna namaa
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
33
B. Nagaa Gaaffii. Kutaan kun iddoo itti kabajamaa Obbo Ebelu jennee eegaluudha.
C. Keeyyata seensaa. Kutaa kana jalatti waan xalayaa barreessinuuf iddoo itti ibsinuudha
yookiin dhimma barreessinuuf iddoo itti kaasnuudha.
D. Qaama xalayaa. Kutaan kun seensa xalayaarratti hundaa’uun kan bal’achaa dhufuudha.
E. Xumura xalayaa. Iddoo kanatti waan jechuu barbaaddu hunda iddoo itti jettee xumurtuudha
Hiriyaa koo/too
Jaalallee koo/too
Obboleessaa kee/ Obboleettii tee
18.2. Qubguddeessa
Qubguddeessi bakkaafi haala qubee gurguddaafi xixiqqaa barreeffama keessatti seeraan wal
keessa maknee itti fayyadamuu ilaallata. Haaluma kanaan wantoota qubee gurguddaatti
fayyadaman akka itti aanutti haa ilaallu.
Jalqabni hima kamiiyyuu qubee guddaadhaan eegala. Akkasumas, jalqabni hima
mallattoo waraabbii keessa jiruus qubee guddaadhaan eegala.
Maqaalee namaa -- Maqaaleen dhuunfaa/waamsaa jalqaba, gidduu fi dhuma himaa irratti
dhufanis qubee guddaadhaaan eegalu.
Maqaalee bakkaa -- Maqaaleen ardii, biyyaa, godinaa, aanaa, magaalaa, lagaa, haroo,
garbaa, galaanaa, naannoo, gaaraafi.k.k.f. qubee guddaadhaan eegalu.
Maqaaleen sabootaafi afaan isaanii qubee guddaadhaan eegalu.
Maqaaleen kallattiiwwan afranii qubee guddaadhaan eegalu.
Maqaaleen guyyoota torbaanii, ji’oota waggaafi tibbootaa qubee guddaadhaan eegalu.
Maqaaleen dhaabbilee mootummaa, siyaasaa, amantii, hawaasaafi k.k.f.qubee
guddaadhaan eegalu.
Maqaaleen ayyaanota beekamoofi amantiiwwaniis qubee guddaadhaan eegalu.
Jechootni mata-duree barreeffamaa keessatti argaman qubee guddaadhaan eegalu.
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
34
Gaaffilee Shaakalaa Boqonnichaa
Gaaffilee tarreeffanii jiraniif kan sirrii ta’e dhugaa, kan sirrii hintaane soba jechiin deebisi.
1. Maqaa afaanotaa qubguddeessaan yeroo barreessinu, maqaan bineensotaa qubee xiqqaan
barreeffama.
2. Teessoofi maqaan nama xalayyaa dhuunfaa erguu fuula waraqaa irratti harka mirgaa gara
olaanurratti barreeffama.
GAAFFILEE AKKAYYAA ( MOODELAA)
QABIYYEE BARNOOTA SEMISTEERAA
1. Amaloota walaloo keessaa walaloon yeroo dubbifamu haala namatti toluun ykn miira namaa
dammaqsuun yeroo dubbifamu maal ibsa?
A. safara B. yeedaloo C. miidhagina D. mana rukuttaa
2. Kanneen gadii keessaa kan adda ta’e isa kami?
A. baroo B. badaa C. mishaa D. hosee
3. Namni jedhee ‘matima’ yoo jedhe ‘nama’ jedhee ______________
A. gochima B. kutima C. aantima D. hima
4. Faallaan jecha hallanyaa jechuu maal ta’a?
A. gulummaa B. dhuunfaa C. kan waliinii D. dirree
5. Himoota armaan gadii keessaa rakkoo walsimannaa kan hinqabne kami?
A. Ani si waliin taphanna.
B. Namni guddaan kabajamuu qabu.
C. Abbaafi haati koo gara gabaa ana waliin deemne.
D. Dabalaan haadha isaa waliin gara mana barumsaa deeman.
6. Walqabsiistota armaan gadii keessaa kan bu'aa hin argisiifne kami?
A. kanaafuu. C. waan......f.
B. Waan kana ta’eef D. Itti dabalees
7. Abbaan Gadaa seera mure. Hima jedhu keessatti mathimni isa kami?
A. Abbaan C. Abbaan Gadaa
B. Abbaa D. Mure
8. Qubguddeessaan kan hin barreeffamne kami?
A. maqaa waqtiilee B. maqaa sabootaa C. maqaa mukkeenii D. maqaa afaanotaa
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
35
9. Dubartii hin dahiniin dhabduu yoo jedhame, sa’a aannan hin qabneen maal jedhu?
A. dhankaaka B. maseena C. baakkuu D. dhabduu
10. Walqabsiistuun dabalata yaadaa agarsiisu isa kami?
A. ta’uyyuu B. yoo C. akkasumas D. kanaafuu
11. Amala keeyyata gaarii kan hin taane kami?
A. Sirna tuqaaleetti fayyadamuu
B. Walqabatiinsa yaadaa fi haala barreeffamaa
C. Seera qubguddeessaa eeguu
D Yeroo hunda dimshaasha irraa kaanee gara yaada callaatti deemuu qabna.
12. Sadarkaa barnootaan, umuriin, jechoota namni dhuunfaan ogummaa gosa barnootaa ittiin
barateen garagarummaan loogaa mul’atu isa kami?
A. looga naannoo B. looga dhuunfaa C. looga hawaasaa D. looga barnootaa
13. Obbo Dabalaan gara Finfinnee deeme. Hima kana keessatti matima mul’istuun kami?
A. –an B. –aan C. -n D. –e
14. Hima kenname keessatti sirni tuqaa bakka sirriitti kan gale filannoo kamirratti?
A. Garasuu Dhukii, “ulfinan jiraatti dhabe, du’aatti hin barbaadu jechuun osoo hindu’in
Finfinneetti akka hin awwaalamne, dhaammatee,” ture.
B. Garasuu Dhukii, “ulfinan jiraatti dhabe, du’aatti hin barbaadu,” jechuun osoo hindu’in
Finfinneetti akka hin awwaalamne, dhaammatee ture.
C. Garasuu Dhukii, “Ulfinan jiraatti dhabe, du’aatti hin barbaadu,” jechuun osoo hindu’in
Finfinneetti akka hin awwaalamne, dhaammatee ture.
D. Garasuu Dhukii, “Ulfinan jiraatti dhabe, du’aatti hin barbaadu.” jechuun osoo hindu’in
Finfinneetti akka hin awwaalamne, dhaammatee ture.
15. Qubguddeessa kanneen gadii hundaaf kan fayyadamnu ta’ee tokko garuu miti.
A. Jalqaba himaa irratti C. maqaalee dhuunfaa barreessuu keessatti
B. Maqaa biyyootaa barreessuu keessatti D. maqaa bineensotaa barreessuu keessatti
16. Walqabsiistuun filannoo yaadaa hin taane kami?
A. moo B. malee C. akkuma D. yookiin
17. Himni sirrii hinta’in isa kami?
A. Yoo inni si jaallate, atis jaalladhu. C. Oromiyaan biyya Oromooti.
B. Isaan barnootaan cimoodha. D. yoo jabaattee qu’ate; qaphxii gaarii fidda.
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
36
18. Kan adda ta’e kami?
A. duumessa C. hobomboleettii
B. buubbee D. qilleensa
19. Barreeffama qopheessuu keessatti kamtu dursa?
A. Barreessuu B. mata duree filachuu C. qindeessuu D. gumee qopheessuu
20. “Fuulduratti arreeduuf, dudduubatti aggaaman,” jedha Oromoon yeroo mammaaku. Jechi jala
sararame hiiki galumsaasaa maal ta’a?
A. deebi’uuf B. quphanuuf C. fiiguuf D. dhaabachuuf
21. Caasaa keeyyataa kan ta’e isa kami?
A. xiyyeeffannaa B. amansiisaa C. tokkummaa D. hima ijoo
Gaaffilee gaditti siif kennaman afoola adda addaa irratti waan hundaa’aniif akkaataa
gaafatamteen deebii sirrii ta’e filachuun deebisi.
22. Nama mana baheen ibiddi haa gabbatu yoo jedhame, nama buna dhugaa namaan jedheen
maal jedhama?
A. gumaaddahaa B. galatoomaa C. bunaafi nagaa hin dhabinaa D. aaga dhugaa
23. Mammaaksota gaditti kennaman keessaa kan ergaa “obsa” jedhu qabu kami?
A. Dullachi saree ofiif seera tumeetu, ofiif dura dhagaa arraaba.
B. Ganna baatii sadiif, bofaafi buutii wajjin jiraatu.
C. Funyaan rukunnaan, iji boosse.
D. Boroo abbaatu hordata, roorroo abbaatu dhowwata.
24. Mammaaksa “Namni bofa jiile lootuu dheessa” jedhu waliin hiika walfakkaatu qabu kami?
A. Gafarsi utuuma loon fakkaatuu nama nyaata.
B. Leenca bosonaa baroodu lafti asumatti rumti.
C. Keessa keessa adurreen bineensa.
D. “Duunikoo dinnicharratti,” jette xaddeen.
25. Ishiin hidda harkisuu beekti. Kan jala sararame hiikisaa maali?
A. fageessitee yaaduu B. safaruu C. funyoo safaruu D. sanyii lakkaa’uu
26. Hiiki jechama “ lafee qaba” jedhuu kami?
A. jabaataa dha B. amantii qaba C. hin amanamu D. fira beeka
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
37
27. Mucichi beekumsa guddaa waan qabuuf nama hin ga’u. Kan jala sararame hiikisaa maali?
A. namatti hin madaqu C. namaan hin haasa’u
B. nama hin hamatu D. nama hin tuqu
28. Kanneen gadii keessaa hiika “rifaasisuu” jedhu kan qabu kam ta’a?
A. guduruu haaddate C. bofarra ejjete
B. dugda kute D. lafarraa dhabame
29. Deebiin hibboo “Nyaataaf malee sanyiif hin kaa’an” jedhu kam ta’a?
A. killee B. timaatima C. soogidda D. dinnicha
30. Hibboo deebiin isaa “biddeena” ta’e kami?
A. Lafee hin qabu ija qaba.
B. Mataan abidda garaan bishaani.
C. Ija lama qaba; ni ilaala; garuu, hin argu.
D. Lubbuu hin qabu; irreessa hin dhabu.
31. Yaa du’aa atumti du’i. Gosti malleen dubbii as keessa jiru;
A. akkasaa B. ateessa C. habalaka D. mitihee
32. Huccuukoo isa adii boru ittiinan boonaa
Laga Gindoo geessaa addeessaa naa miicaa. Sookoon ciigoo kanaa kam ta’a?
A. yeroo ani baacuuf qabu boru C. ji’i waan ifaa jirtuuf
B. bishaan laga Gindoo xurii baasa D. adii godhaatii
33. Cidhi jiraachuun himee
Afeerraa yoomin waamee
Isin qophaawaa malee
Amma isaanitti dhaame. Soorgoon ciigoo kanaa kam ta’a?
A. isaanitti ergeen ture C. qophaawuu qabduu
B. isaanitti dukkanaa’eera D. cidha hin hirmaannee
34. Gaaffii 33ffaa irratti ciigoo kennameef sookoon isaa kam ta’a?
A. isaanitti ergeen ture C. qophaawuu qabduu
B. isaanitti dukkanaa’eera D. cidha hin hirmaannee
35. Namni dhadhaa afaan kaa’an _______________________________________. Kan gaalee
mammaaksa hir’ate guutuu taasisu kami?
A. galata qaba C. fooniin nama simata
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
38
B. dhagaa afaan nama kaa’a D. aannaniin deebisa
36. Mammaaksa “Namni bofa jiile lootuu dheessa” jedhu waliin hiika walfakkaatu qabu kami?
“Nu duruu itti beeknaan,” jette eeleen manni gubannaan. Malleen dubbii keessaa kamiin
ibsame?
A. akkasaa B. nameessa C. habalaka D. iddeessa
37. Dhaamsi himaa oggaa faallaasaa ta’u mala dubbii kamiin ibsama?
A. habalaka B. arbeessuu C. nameessa D. eemitii
38. Olkaa’an malee, olka’anii hin fuudhan; qabaatan malee, hin ergisan. Yaada kana karaa biraa
kan ibse kami?
A. Doqni waan nama dhowwatuuf qaba.
B. Ollaafi dugdaan oljedhu.
C. Qusataniiti itti bulu, horataniiti horsiisu.
D. Ija namaa ilaalaniiti waa fuudhu, gurratti jedhaniiti waa dhaga’u.
39. Hiikni mammaaksa, “Garaacha guddinaaf harreen lakkuu hin dhaltu,” jedhuu maali?
A. Titiisni baayyatteef qodaa hin buqqiftu.
B. Iji baddu iddoon ijaa hin baddu.
C. Waan qabaniin gabaa bahu.
D. Ilkaan jirutti rigaa muratan.
40. Mana farsoofi bara rakkoo _________________________. Mammaaksa kana kan xumuru;
A. Boquu olqabataniitu dhaadatu C. dhiichisaafi sirbaan simatu
B. Achuma ta’aaniitu morma raasu D. oliifi gadi deemaniitu himatu.
41. Kanneen armaan gadii keessaa gaabbiin maalitti fakkeeffamee mammaakama?
A. addatti B. harkatti C. gaafatti D. eegeetti
Gaaffilee gaditti kennamaniif walaloo kanaa gadii irratti hundaa’uun deebii sirrii ta’e
filadhu.
Hawwii guddaan qaba, hawwii nama ta’uu
Har’a biqiltuu abaaboo, bor gaaddisa ta’uu
Kan dadhabe hundi, kan jalatti boqotu
Guddaa ta’eeti natti mul’ata, abdiinkoo inni boruu
Dhibamaa fayyisuu, ‘injinera’ ta’uu
Qilleensarra balali’uu, qorataa hawwaa ta’uu
Madda: (Gadaa: FF. 206. Barkumeef kan qophaa’erraa kan fudhatame)
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
39
42. Walaloo kana keessatti dubbachaa kan jiru;
A. Nama bor iddoo guddaatti of eegu C. biqiltuu guddachaa jiru
B. Hayyuu D. qorataa hawwaa
43. “Kan dhabe hundi kan jalatti boqotu”(bo’oo 3ffaa) kan jedhu maal ibsuu barbaadeeti?
A. Beekumsa B. gaaddisa mukaati C. hawwii D. abdii
44. Walaloon kun bo’oo meeqa of keessaa qaba?
A. 12 B. 8 C. 6 D. 2
45. Hawwaa yemmuu jedhu __________ ibsuufi.
A. Hawaasa B. qilleensa C. raata’aa D. samii
Jechoota gaaffilee gadii irratti siif kennamaniif hiika iaaniin walfakkaatu barbaadi.
46. fincilte A. jaallatte B. masifatte C. qusatte D. jibbite
47. tabaroo A. yaaluu B. maayii C. dhama’uu D. mirga
48. cunqursaa A. roorroo B. dallansuu C. mormii D. komii
49. baroo A. tabaroo B. jaalala C. mishaa D. harkifataa
50. kaamettii A. boosettii B. harka toleettii C. ko’eettii D. dureettii
Deebii Gaaffilee Shaakalaa Boqonnaa Jalatti Kennamanii
Boqonnaa Kudhan Boqonnaa Kudha Tokko
1. D 1. B
2. C 2. D
3. C 3. D
4. B 4. B
5. C 5. B
6. D
Boqonnaa Kudha Sadii Boqonnaa Kudha Afur
1. A 1. B
2. C 2. C
3. A 3. D
4. D 4. A
5. C
6. C
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
40
7. D
8. A
Boqonnaa Kudha Shan Boqonnaa Kudha Ja’a
1. D 1. B
2. D 2. B
3. C 3. C
4. A 4. C
5. D 5. B
6.B
Boqonnaa Kudha Torba Boqonnaa Kudha Saddeet
1. A 1. Dhugaa
2. B 2. Soba
3. A
4. C
5. D
6. B
7. C
8. A
9. B
10. B
11. B
12. A
13. C
14. D
Deebii Gaaffilee Moodelaa
1. B 11. D 21. D 31. B 41. D
2. B 12. C 22. D 32. C 42. A
3. C 13. C 23. B 33. A 43. A
4. C 14. C 24. B 34. B 44. C
5. D 15. D 25. D 35. B 45. D
6. D 16. C 26. D 36. B 46. D
7. C 17. D 27. D 37. A 47. D
8. C 18. A 28. B 38. C 48. A
9. C 19. B 29. C 39. A 49. C
10. C 20. C 30. A 40. B 50. B
BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA SALGAFFAA 2012/2020
41
Kan Qopheesse: Boonsaa Baabuu Aagaa (MA). Barsiisaa Afaan Oromoo
Mana Barumsaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa,
Damee Bishooftuu Irraa
0917982153
Email. [email protected]