haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/how-to-control-our-thought-afan-or… · waaqayyo...

46
~ 1 ~ Yaada sammuu keenyaa akkamitti haa to’annu? 3 /12 Barreeffama jireenya Afuuraa Walitti fufinsa Qopheessan:- Waldaa Maaqariyoos Mana kiristaanaa Ortodoksii Gibxii Hiikoon Dn Guutaa Charuu Muddee, 2012 B.A

Upload: others

Post on 07-Nov-2020

9 views

Category:

Documents


0 download

TRANSCRIPT

Page 1: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 1 ~

Yaada sammuu keenyaa akkamitti

haa to’annu?

3 /12

Barreeffama jireenya Afuuraa Walitti fufinsa

Qopheessan:- Waldaa Maaqariyoos

Mana kiristaanaa Ortodoksii Gibxii

Hiikoon

Dn Guutaa Charuu

Muddee, 2012 B.A

Page 2: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 2 ~

Hubachisa :-Barruu kitaaba kana akka hubattaniif jalqabaa isaa

irraa eegaluudhaan akka dubbistan.

Yeroo dubbistan bakka kamiyyuu ta’uudhaan ergaa isaa hubattanii

akka qaama keessan keessa galee jireenya keessan irratti hojjetu

abdiin qaba.

Mata dureen barumsa keenya har’aas kan irratti xiyyeefattu

“Yaada sammuu keenyaa akkamitti qulqulluu haa taasisnu” kan jedhudha.

*Barruu kitaabaa kana amantoonni Ortodoksii hundi

isaanii gatii baay’ee xiqqoo ta’een akka bira qaqqabu

abdiin qaba.

*Isiinis warreen barruun kitaaba kana isiin bira

qaqqabe amantoota biroo akka qaqqabsistaan

Waaqayyo Isiin haa gargaru.

Page 3: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 3 ~

Seenessaa

Barreefamni kun jireenya Afuuraa keenya keessatti akkataa

itti fufne amantaadhaan guddachuu dandeenyu nu qajeelcha.

Namoonni hedduun isaanii jireenya Afuuraa keessa galanii

jiraachuu danda’u. Garuu akka karoora isaanii sana cimanii

jireenya afuuratiin hin jiraatan. Iccitiin jireenya afuuraatiin

guddachaa adeemuun immoo yeroo irra deebinee kufnu abdi

kutuu dhiisuudhaan gaabbii galuudhaan jireenya Afuuraa

shakkaluutu barbaachisadha. Galma gahuudhaan firii jireenya

Afuuraa arguuf immoo wanta hunduma isaa obsaan fi

adeemsa jireenya Afuuraa suuta suuta caasaa isa eegnee

imaluu nu barbaachisa. Seexanni ykn Diyaabiloos yaada

keenya gidduu galuudhaan akka kaayyoon keenya galma hin

geenye nu waraana. Yoo nu injifate immoo daandii inni

barbade irra akka adeemnu nu taasisa. Seexanni yaadota

badaa ykn hammeenya nuttis addunyatti ta’u gara keenyatti

fida. Garuu akka nutti rawwannuuf nu dirqamsisu. Waaqayyo

wajjin wanta hunduma isaa ni injifanna; maqaa Waaqayyoos

Page 4: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 4 ~

waamne seexana miila keenya jalattis akka hiidhu dandeenyu

Waaqayyo waadaa nuuf galeera.

Dhuma irratti wanti nuti yaadachuu fi hubachuu qabnu

shakkalii jireenya Afuuraa keenya keessatti yeroo hunda

kufuu ni dandeenya. Haa ta’u malee gonkuma abdi kutuu hin

qabnu. Yoo kufne ta’e immoo akkamitti irra deebinee

gaabbiidhaan qulqulloofne kaayyoo keenya sana itti fufu fi

imalu akka qabnu qalbeeffachuu qabna. Wantoota kufatii

keenyaaf sababa nutti ta’aaniis gufuuwwan al tokko nu

rukkutaan sanaas lamaffaa of eegachaa (Gal 5:1-2) qalbiidhaan

imalu qabna. Jaalalli Waaqayyo aararsummaan durbee

Maariyaam hunda keenya irra bara baraan haa jiraatu.

Ameen.

Page 5: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 5 ~

Abbaa gaabbii argachuudhaaf adeeman jira. Barumsa isaanii

akkuma barachuu eegaleen Waaqayyo jaalala abbummaa isaa

laphee koo keessa bulchee gara Waaqayyootti deebi’uu koo

of bare. Lapheen koo Waaqayyootti gammadee ittin of jajuun

eegaleen gaddi natti dhaga’ame. Yaada kana osoo yaadee hin

xumuriin bubbeen guddaan tokko dhufee fuula koo golgee

humni isaa gudda waan ta’eef anis darbatameen kufe. Humna

qabu hundatti fayyadamee akka ta’eetti ol jedheen

dhaabbadheen imala koo itti fufe. Yaadni yeroo sana natti

dhufees akkumaan yaada jaalala fi abbummaa Waaqayyo naaf

qabu yaaden Seexanni bifa qilleensa guddaadhaan natti

fudhee na rukkuta. Egaa yaadota kana lameen akkamitti akkan

dura dhaabbachuu fi qabsuura gaggeessuu danda’u abbaa

gaabbii koo wajjin akkan maari’adhu murteesse. Abbaan

gaabbii koo na gargaaraa turan. Fannoo harka isaanii irraa

dhungadheen isanuma bira taa’e.

Abbaan koos akkana naan jedha: - Ilmoo koo akkam jirta?

Yaadni ati amantaadhan dadhaboo ykn duwwaa ta’uu kee

akkam maal sitti fakkaata? Nan jedhan.

Anis dubbii koo itti fufeen: - Abbaa koo qabsoo eegaleen

jira. Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis

jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka namaaf kennu amma

Page 6: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 6 ~

hubachaan jira. Yeroo hundumaas jireenya koo akka inni naaf

geggeessu wajjin dubbachaan jira. Keessummaattu yeroo

hunduma haala kamiin Isa wajjin dubbachuu akkan qabu

amma qalbeeffadheen gammachuudhaan Waaqayyo koo

wajjin dubbachaan jira. Egaa Abbaa koo amma jabachaan jira

ammas waan baay’eetu na hafa.

Abbaa keenya: - Sirriidha ilmoo koo areedni fi irreen harka

keenya al tokkotti guddachuu hin danda’an. Suuta Suuta

yeroo isaanii eeganii ta’uu qaba. Atis akkasuma. Haa ta’u

malee jireenya Afuuraa hin dagatin. Yoo dagates dafii deebi’i.

Waaqayyo irraas gonkuma fuula kee hin garagalchiin. Garuu

mee jireenya kam wayya?

Anis: - jireenya kam akka caalmaatti na fayyadee jaalachuu

akkan qabu ammaaf hin beeku. Haala amma keessa jiruun

jireenya kam akka caalu wanti natti dhaga’amees hin jiru.

Kanaaf sadarkaa kanatti baruu hin dandeenye Abbaa koo!.

Abbaa keenya:-Kun firii ji’oota hedduu gaafatuudha.Ati qofti

gaaffichaaf amanamoo ta’i. Akkuma nama tokko gaafa yaaduu

eegaltu akkana jedhii Waaqayyoon gaafadhu; “Yaa Waaqa

koo hunduma caalchiseen akkan si’i jaaladhu naa taasisi”

jedhin. Yeroo hawwii fi fedhii akkana laphee kee keessatti

Page 7: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 7 ~

horattu Waaqayyos si wajjin ta’a. Jireenya kee keessatti

Waaqayyoon lakkoofsa

jalqabaa ykn tokkoffaa

taasisi. Jireenyi afuuira kees

yeroo sanatti kan tasgaba’ee

fi kan miidhage ni ta’a haa

ta’u malee ilmoo koo firii

jireenya Afuuraa arguudhaaf

obsa si gaafata.

Anis: - garuu guyyoota lama

fi sadiin booda yaadni

badan deebi’ee natti dhufa.

Abbaa keenya: - Gaariidha

kunoo amma daandii sirrii

hordofaa jirta ilmoo koo.

Anis: - yaadota badoo fi

hammeenya ta’aanii

sammuu kootti dhufu

akkamitti daandii sirriidha

nan jettuu Abbaa koo?

Abbaa keenya:- Seexanni jireenya afuuratiin yemmuu ati

jabaachuu kee ilaalu cimsee si’i kufisuuf ni ka’a. Walitti

dhufeenyi kee Waaqayyo wajjin qabdu dadhabaa ta’uu fi

walitti fufinsa qabachuu yoo baatee ati isaaf wanta

Yaadan waan jijjiramteef hin rifatin. Ciminni Seexanaa bilisummaa keenya wajjin kan dorgomamu miti. Nu sodachisuu fi hawwisisuu danda’a malee akka hojjennuuf nu dirqisisuu hin danda’u. (Maar Yaa’iqoob; El Serougy)

Page 8: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 8 ~

sodaachistu ykn rakkistu miti. Sababni isaas yeroo barbadeeti

si’i miidhuu akka danda’u ni beeka. Garuu seexanatti wanti

sodaachisaa fi rakkisaa itti ta’u maal akka ta’ee beekta ilmoo

koo?

Ilmoo koo dadhabina fi oduu isaa hin lakka’iin! Gara fulduraa

wagga tokko fi lama ol daandii jireenya kee cimsitee yoo

jiraatee itti fuufte daandiwwan seexana cufuu dandeessa.

Waaqayyo jireenya kee keessa godhatee taanan Waaqayyo

fira kee siif ta’a. garuu seexanni hanga dandeetii isaa si’i

gufachisuudhaaf ni ka’a.

Midhaan deedhii tokko guddachuudhaaf yeroo eegalu

baduudhaafis ta’ee muruudhaaf salphadha. Haa ta’u malee al

tokko yoo guddatee muka baay’ee cimaa erga ta’e booda

garuu balleessuufis ta’ee muruudhaafis baay’ee cima.

Sababni inni guddaan kunoo kanadha ilmoo koo. Dinni kee si’i

balleessuu kan eegalu yoo ati jireenya afuuratin guddachuu

egalteedha.

Yeroo qorumsi sitti heddummatus jireenya Afuuraa keetin

yeroo guddachaa adeemtu fi cimaa taatettidha.

Anis: - Yaa abbaa koo qabsoon isaa baay’ee cimaadha.

Furmanni isaa maalidha?

Page 9: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 9 ~

Abbaa keenya:- Eeyyeen ilmoo koo qabsoon baay’ee

cimaadha. Garuu Waaqayyo si’i wajjin waan jiruuf hin sodaatin.

Seexanni wanta dhumaa taasisuu kan danda’u meeshalee

dhiyyeessuu qofadha. Haa ta’u malee akka hojii isa hojjetuuf

si dirqisisuu fi dhibbaa sirratti uumuu hin danda’u. inni

akkuma nama meeshaa gurgurtaa siif dhiyyeessu danda’a

malee si bichisisuu hin danda’u.

Anis:- Haa ta’u malee inni beekumsa guddaan kan guutamee

fi daldalaa gurguraaf abdii hin kunneedha. Kanaaf akkamitti

injifachuun danda’aa?

Abbaa keenya:- waraana yaada kee injifachuudhaaf

daandiiwwan sadii ni jiru.

Anis:- Isaan kun maaliidha abbaa koo?

Yaada kee to’achuudhaaf daandii inni jalqabaa Burqaa

yaada hamoon sun ittin argamu cufuudha.

Anis: - akkamitti balbala yaada hammeenyaa kana cufuun

danda’ama?

Abbaa keenya:- nama sammuu dhukkubsata tokko ture. Akka

maraataa taasisu eegale. Hospitala sammuu galee qoricha

fudhachuu fi waldhanamuu eegale.

Page 10: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 10 ~

Yeroo murta’een booda erga itti foyya’ee gara mana isaatti

geggeessun duratti ogeeyyoonni fayyaa isa qorutti adeeman.

Bishaan fudhatanii mana keessatti gad naqaanii akka inni

qulqulleessu barbaadan. Innis hanguma manni keessi gogaa

adeemu bishaan boombaa sana itti gad lakkisee obasuu itti

fufe. Walakeessa isa gogsee yeroo deebi’u walakeessi isa gar-

hafe immoo jiidhee argata. Inni mana yeroo qulqulleessu

ogeessoonni sun immoo bishaan boombaa sana akka bishaan

lolaa’uuf bananii turan. Haala kanaan manni kun keessi goguu

danda’aa?

Anis:- kun akkamitti ta’uu danda’a? wagga dhibba guutuu

osoo qulqulleessee bishaan osoo lola’uu goguu hin danda’u.

Abbaa keenya:- dhugaadha ilmoo koo kunoo kanaadha haalli

jireenya keenya. Qaama fi yaada qulqulluu qabachuu yoo

barbadne qaamota miira shanan to’achuu yoo hin dandeenye

lubbuu Qulqulluu qofti gaha miti.

Anis:- Akkamitti qaamota miiraa to’achuu dandeenyaa?

Abbaa keenya:- fedhiiwwan kee yoo to’achu baatte fedhii

keen ala ta’uu kee baruu qabda. Jireenyi kun immoo hallayyaa

si’i gata.

Magaala Gibxii xiqqoo taate tokko keessatti namni tokko osoo

daandii Baaburaa qaxxamuraa jiruu milli isa haadida / daandii

Page 11: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 11 ~

Baaburaa kana keessa gale. Namoonni muraasni tokko

miillisaa harkisanii keessa baasuu barbaadan. Haa ta’u malee

hin dandeenye.

Baaburri saffisa guddadhan adeemu salphatti bakka kana

gahee kan dhabbachuu hin dandenyedha. Baaburri saffisa

guddadhaan dhufuu isaa namoonni argan nama kana

dhiisuun adeemu eegalan. Namni kunis akkana jedhee “Miila

koo muraa, miila koo muraa, ani du’uu hin barbaadu” jedhee iyye.

Mana foonii achitti dhiyoo ta’e tokko qottoo fudhatee miila

nama kanaa muruudhaaf gara mana gale. Namni qottoo

fudhuu gale kun osoo hin deebi’iin dura namni tokko gara

mana nyaataa adeemee zaayitii fidee miila nama kana dibe.

Humnaan miila nama

kana harkisuudhaan

bakka seene keessa

base. Namichis,

namoonnis gammaduu

eegalan. Hubadhu

ilmoo koo miila muruuf

namni adeeme sun

gara du’aatti nama kana geessa waan tureefidha.

Yaada Afuura

Qulqulluudhaan fudhatamuun

ija kee cufi, yeroo sanatti

lapheen kennaa Afuura

Qulqulluudhaan ni guutama”

(Abbaa Musee)

Page 12: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 12 ~

Waaqayyo akkana jedha “Ijji kee yoo sitti gufuu ta’e baasi gati;

harki kees yoo si gufuu sitti ta’e murii gati” (Maat 18:9)

jedheera.

Anis፡- eegaa Ija koo baasu ykn immoo miila koo muruun

qabaree Abbaa koo?

Abbaa keenya:- Ija seexanaa badaa ta’e baasi gati. Sanaan

booda qaama kee tokko illee daangaa seexanaa keessa hin

godhin. Qaama kee duraa cubbuu ittin rawwachaa turte fi

eenyummaa kee xura’ee sana hojii badaa sana wajjin

darbadhuutii gati.

Anis:- yeroon daandii adeemu wanta tokko illee akka hin

argine ija koo cuufadheen adeema moo Abbaa koo ?

Abbaa keenya:- Ija kee cuufatee hin adeemin. Ilaalcha tokko

fi ilaalcha biroo gidduu garagarummaa jira. Ilaalcha wanta

badaa irra fagaatanii adeemu fi wanta badaa ilaalaa adeemu

gidduu garagarummaa guddaatu jira.

Anis:- ani kanaan ilaalu Abbaa koo waa’ee miidhagina fi wanta

jajamu tokko malee wanta badaa ta’uu fi dhiisuu isaa hin

beeku.

Abbaa keenya፡- wanta badaa fi gaarii ta’uu isaa osoo hin

beekin miidhagina fi wanta jajamu ilaalta!

Page 13: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 13 ~

Ilmoo koo ati baayistee ni beekta. Laphee nama sana keessatti

afuura jiraachuun alaatti laphee nama kamiyyuu beekuun hin

danda’amu. Haa ta’u malee ofii kee kan ittin of madaaltu ni

jira.

Anis; - maaliidha inni immoo Abbaa koo?

Abbaa keenya: -

Cal Sammuu (Yaada

dhokataa)

Anis: - Maalidha

yaadni dhokataan?

Abbaa keenya:-

yeroo dhuunfa kee

jirtu maaltu sitti

dhaga’amaa?! Waa’ee Ganat/ mootummaa Waaqayyoo ykn

immoo qulqullootaa yaada moo yaada Addunyaa kanaan

fudhatamta? Hiriyaa keetin maal jettaan, guyyaa guutuu

yaadan hamachaa olta?

Waa’ee yaadni laphee keetii inni guddaan kanadha. Waa’ee

ati yaadu waa’ee uumaa kee Waaqayyo yemmuu ta’u ykn

kadhannaa geggeessuun Abbaa kee samii wajjin dubbatu

moo akka namoota hedduu isaanii waa’ee yaada badaa fi

dadhabaa ta’e yaada?

Hawwii ykn fedhiiwwan qaamota miira keenya

hanguma to’achuu dadhabnu qulqullinni yaada

keenyas badaa adeema.

Page 14: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 14 ~

Ilaali ilmoo koo ofii

kee of qoradhu;

sanaan booda

seexanni akka si

gowwomsuuf yeroo fi

fedhii kee hin kennin.

Cubbuu hojjette irratti murteessii maqaa sirrii itti

kenni.

Kanaafuu cubbuu kee himadhu, sanaan booda Waaqayyo

akka cubbuu irra si eegu gaafadhu. Kana ta’uu banaan saraara

irra baatee osoo jirtuu daandii sirrii irraan jira jettee yaada

dogongoraa keessatti kuftee jiraata.

Waa’ee dhaga’uu maacafni akkana jedha “beekumsa kan

dabalachaa adeemu gadda ni dabalata” (Lallabaa 1:18).

Anis: - barumsa kamiyyuu barachuu hin qabu jechuudhaa?

Abbaa keenya: - akkaas miti ilmoo koo maacafni kan jedhuu

barbade beekumsa cubbuudhaan guutameedha. Namni

tokko nama biroo yemmuu ceepheessu fi waa’ee badii nama

tokko yeroo dubbatu yoo dhageessu, nama hamiin irra gahu

sana wajjin yeroo wal bartu dursa waa’ee isa

hammeenyummaa waan dhageesseef dubbii sana yaadachaa

nama sana atis xirreeffachuu eegalta. Namoonni tokko tokko

Gurri kee yoo xura’ee oduunis

yoo guute addaan qodamuu

laphee dhorkuu hin danda’u.

(Abbaa Maqaariyoos)

Page 15: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 15 ~

dadhabinaa isaanitti ni oftulu. Maacafni kan jedhu jechoota

hamoo ati dhageessu sun deebisee si hammeessa, egaa atis

yaadicha biroo hammeessuu egalta. Sanaan booda seenaa fi

jechoota badaa yeroo dubbataan waan badaa ta’e akka yaadu

si taasisu. Kanaafidha kitaabni “daandii cubbamtoota irra kan

hin adeemne teessoo warra nuffiitoota(tessoo warra ga'isanii)

irra hin teenye kan ebbifameedha” ( Faar 1:1). Ilmoo koo ilaali

jechoota badoo kanaaf gurra kee hin kennin. Kana ta’uu

baanan gatii dhabeessa ni dadhabda. Kanaan dura yoo hin

dogongore irra deebitee hin dogongoriin.

Anis: - waa’ee arrabas akkaamidha Abbaa koo?

Abbaa keenya: -mee Yaa’iqoob “3:5_12” dubbisi. Waa’ee

Arraba jecha cimaa tokko ni dubbata. "Arrabni Abidda" jedha

mucaa koo akkasuma “Dubbii gaarii malee dubbii hamoo afaan

kee keessa hin bahiin” jedha (Efesoon 4:29).

Waa’ee kana hunda haala dubbii Arraba isaanii kan hin

to’annee dargargoota dubbii hammeenyaa dubbachuun

dubbii sanaan of jajan ni jiru. Kiristaanoonni namoota

Addunyaa wajjin kan deddebi’anii jiraataniidha.

Yeroo amma kana kiristaanummaa keenyatti qana’aa ykn

ceepha’aa fi maqaa gaarii ta’e tokko arrabsoo taasisne jira.

Garuu ammas kiristaanaa ofiin jenna. Ilmoo koo yeroo amma

Page 16: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 16 ~

kana barsifataan kiristaanummaa jechuun kiristaanummaa

hallayyaatti nama geessu kiristanummaadhaan kan miidhagu

osoo hin ta’iin kiristaanummaadhaan kan daldalu ta’eera.

Anis: - egaa Abbaa koo jechoota nama jeequ kana hunda

ergaan dhaga’ee maal gochuun qaba?

Abbaa keenya:- qaamollee miira fi yaada kee to’achuuf

akkana gochuu qabda.

Inni jalqabaa dubbii hubachuudha. Namni tokko daandii

cubbuu erga hubatee gaabbii galuu ni eegala. Yoo rakkoo

hubachuu qabate garuu daandiin soba ilaalu sun dhugaa itti

fakkata.

cubbuu sirritti baruu fi hubachuu barbachisaadha. Cubbuun

xiqqoo taatus ulfatina qabdi. Wanti kamiyyuu gaabbii fi of

ceepha’uun yoo hin jiraanne mindaan cubbuu du’adha.

Cubbummaa ofiikee of madaali. Cubbuun hangam xiqqoo

ta’uus; gosa cubbuu

kamiyyuu qaama miira

kee keessatti yoo

yaadni badan argame

cubbuudha. Yoo of

ceephite garuu ni bada.

“Yeroo hunduma ofii kee of

qoradhu; sanaan booda cubbuu

keef gaabbii gali. Waa’ee

cubbuu kee akka dhifaama siif

godhuu Waaqa kee kadhadhu”

Abbaa Isaayyaas

Page 17: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 17 ~

Ilmoo koo nama jaalatu wajjin Araara buusudhaf cubbuu

kee hin qulqulleesin. Kana yoo hin tanee gantummaa keessatti

kufta. Waaqayyoon jireenya kee keessatti yoo dursite

akkamitti isa wajjin walii galtee jiraachuu dandeessu fi cubbuu

tokkoon tokkon isheedhaan akkamitti akka dhiifama

gaafachuu fi of ceepheesu qabdu ilaali. Yaadadhu kun

ceepha’uudha.

Anis:- irra deebi’ee yoo gara cubbuutti deebi’e hoo?

Abbaa keenya: sitti himeen jira ilmoo koo. Hanga kam llee

kuftu, al miliyoonaa cubbuus hojjetu gonkuma akka hin banne

cubbuu akka baduu danda’u hubadhu. Sanaan booda of

ceepha’ii gaabbii gali. Akka Abbaan Shinoodaan jedhanitti

cubbuu hanga guyyaa du’a keetti waraani.

Cubbuudhaaf mana hin ijaaraniif

Cubbuu hojjete tokkoon tokkon isaa tarreessitee himuudhaan

Waaqayyo akka dhiifama siif godhu, Seexanaa fi irra

deedebi’ee akka kufatii cubbuurra si eegu Waaqayyon

kadhadhu. Kana guyyaa guyyaadhaan kan rawwatu haa ta’u.

Iyyesuus Kiristoos mufachistee akkamitti raafuuf gara siree kee

adeemta? Uumaa wajjin osoo hin araaramiin raafuf; nageenya

fi tasgabbii raafuuf gonkuma Waaqayyo akka dhiifama siif

Page 18: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 18 ~

godhuu akkasumas humna Seexanaa ittin waraantu akka siif

kennuuf gonkuma gara iddoo ciisichaa hin adeemin!

Anis: - Qaamni miiraa biroos waan xuqnuuf moo waan

qaqqabanuuf cubbuu hojenna?

Abbaan keenyaas:- Abbaan Yohaannis ‹‹The sprititual Grove››

kitaaba jedhu keessatti cubbuun qaqqabachuudhaan dhufu

hunda caala badaa ta’uusaa ibsanii jiru. Nuttis eyyamnuus

osoo hin eyyemiin akka cubbuu kamiyyuu keessatti kufnu nu

taasisa. Iyyasuusis ilaaluu fi qaqqabachuu irratti xiyyeefata.

“Ijji kee yoo gufuu sitti ta’e baasi gati; miilli kees yoo si gufachiise,

murii gati” kan jedhuudha. Wanti harka keenyaan

qaqqabannee hojjennu baay’ee cimadha. Kanaas sanaas

taasisu ni dandeessa. Gahe ykn immoo baay’ee rakkisadha.

“Maal taasisa? Sababan alaatti bilisa kamiyyuu hin banne?” haala

adda keessatti si galcha.

Anis: - Hanga kana cimaa fi narratti dhibbaa ni uuma jedhee

gonkuma hin yaadne ture.

Abbaa keenya:- kanaafuu boodee ni mari’anna. Madda

cubbuu hundasaa waan cufteef hundumtuu al tokkotti

jijjiramee nageenya gonka ta’a jettee hin yaadin.

Anis: - Maaliif abbaa koo?

Abbaa keenya:- maddisaa yeroo baay’ee banaa waan ta’eef

bishaan mana guute. Kana jechuun immoo al tokkotti laphee

Page 19: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 19 ~

keenya keessa basuu kan hin dandeenye yaadota, jechoota

cubbuu fi haalliwwan adda addaa sammuu keenya keessatti

maxxanfamee jiraacha waan tureef jechoota gaarii ta’aanitti

jijjiruudhaaf yeroo barbada.

Anis:- kana yeroo barbadnetti hir'isnee gara jabinaa fi laphee

gaabbiitti deemuu hin dandeenyu?

Abbaa keenya:- yaadota hafaan to’achuudhaaf qabxiiwwan

sadii kan yaada keenya gammachisaan ni jiru. Anis:- Tooftaan

ittin to’atan maaliidha?

Abbaa keenya:- tooftaan inni itti aanu.

Lakki jechuu

“Fooddaa qilleensi galu cufitii tasgabaa’i” kan jedhu mammaksi

ni jira. Fedhii yaada fidu sirratti cufuus gonkuma si hin dhiisu,

balbala laphee kee irra dhaabbatee akka deebitee laphee kee

bantuuf boqonnaa malee yeroo hundumaa ni rukkuta.

“Hiriyaa kee durii ana Daabiloosidha sagalee koo na hin

yaadatuu? Balbala naaf bani” jedha. balbala irra dhaabbatee

yeroo rukkutu, lakki jechuudhaan balbala laphee kee

Page 20: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 20 ~

gonkuma hin baniniif! Ciminaa fi murti guddadhaan “hin ta’u

jechuun, hin ta’uudha” jedhin! Al tokko na ilaali yeroo jedhu

akkana jedhiin “Gonkuma si hin ilaalu baduu hin barbadu, arrabsi

yoo sin jedhe immoo si hin arrabsu Kiristoosiin gonkuma hin ganu

jedhin” kana sirritti beeku qabda!

Daabiloos gara hammeenyatti si afferuu danda’a. garuu si

dirqamsisuu ykn immoo dhibbaa sirratti geggeessu gonkuma

hin danda’u.

Cubbuu waraanuu fi cubbuudhaan kufuun

garagarummaa guddaa jira.

Anis: - Abbaa koo garagarummaa maalitu jira?

Abbaa keenya:- Waraanaa cubbuu kan jennu seexanni kan

ittin si kufisu yoo dhabeedha. Inni yaada badaa isa fudhatee

Afuuraa isaa wajjin suuta jedhee adeemu danda’a. Kun hojii

isaatidha. Ati taasisuu hin qabdu jechuu hin dandeessu. Inni

ofii isaatif amanamadha. Haa ta’u malee waraana cubbuu isa

wajjin wal waraani jechuun cubbuudhaan kufaa jirta jechuu

miti. Isa wajjin yeroo wal waraantu gonkuma hin sodatin.

Cubbuudhaan kufaan jira jettee hin yaadin. Innoo seexanni

Page 21: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 21 ~

qulqulloota fi Goofta keenya Iyyasuus Kiristoos wajjin illee

osoo hin hafne wal waraananii jiran.

Ati diriee waraenaa keessa yeroo jirtu kana loltuudha

jechuudha. Isa yoo injifatuus waan isa rakkistuuf hojiisaa osoo

abdiin hin kutiin qorumsa sirratti heddummeessa. Cubbuu

keessatti kufuu jechuun immoo hojii badii Seexanaa fudhattee

isa wajjin adeemu yoo egalteedha. Hojii badaa dubbachuu fi

eenyummaa keetti of jaajuu gaafa egaltu cubbudhaan of

ceephessuu qabatuus sagalee Waaqayyo hin dhaga’u jettee

cubbuu jajuu gaafa egaltuudha Waaqayyorra kan adda batu.

Miilli kee gufatuus illee ofii kee kufatiif hin kennin. Yoo

darbamtee kufte illee akka kufteetti hin hafin. Cubbuudhaan

yoo kuftu ariitiidhaan ka’i malee akka kufteetti hin hafin.

Seenaa Yooseef ni yaadataa ilmoo koo?

Anis: - Eeyyeen Abbaa koo nan yaadadha.

Abbaa keenya: -Yooseef nama cimaa ture. Obboolleewwan

isaatiin garbummaadhaf dabarsamee gurgurame. Lafa ambaa

irras jiraacha ture. Haadha mana mootiidhaan qorame.

Qorumsi kun baay’ee cimaa ture garuu Yooseefidhaaf icciitii

guddaan jecha tokko ture.

Page 22: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 22 ~

Anis: - Maal inni Abbaa koo?

Abbaa keenya:- “Lakki” waan jedheef. Dubartii akka kana

barreedu na jaallattee ani miidhuu hin qabu garuu

qulqullummaa Waaqayyoodhaaf jedhee, waa’ee Abrihaam

Yisihaq fi Yaa’iqoob seennesseefii tasgabeessa” hin jedhu.

Gonkuma waliif galuus mari’achuuf hin yaale “hin ta’u” jedhee

fiige malee. Yeroo yaada badaa wajjin hasawuu eegaltu

dadhabaa dhuftee booda ni injifatamta. Daandii imala tokko

irra jiru yaadi, daandichi xura’oo dhangala’oodhaan guutee

jira.

Hojjetoota rakkoo sanaaf furmataa bakka sanatti walitti

qabamaan keessa namni dheerinni isaa gabaaba ta’e tokko

dhangala’oo xurawoo sana keessa dhabbatee “Bilisummaa,

Waaraqsa, bilisummaa, kottaa nu fakkadhaa yaa namoota”

jedha. maaltu ta’aa akka jiru namni beeku tokko illee hin jiru.

Yaadadhu ati osoo achi jiraate yeroo sana rukkutuu ykn xuuqu

dandeessa?

Anis: - gonkuma akkas gochuu hin danda’u Abbaa koo nan

baaqadha malee. Eenyu illee haa ta’u namni nama

dhangala’oo xura’aa keesa dhaabbatu kana xuqe boode

xura’oo sanaan na balleessu danda’a.

Page 23: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 23 ~

Abbaa: - Kanadha ilmoo koo “lakkii” fi “baqachuu”.

Kanaafidha qulqulluun Phaawuloos saboota Ximootiyoosiif

akkana jedhe “fedhiiwwan dargagummaa kee irra baqadhaa”

(፪ffaa Xim ፪፣፳፪) ‹‹Figuun tooftaa nama haxxee tarkaafii

jalqabaatidha” kan jedhu mammaksi ni jira. Dhugaa

dubbachuudhaaf

ilmoo koo yeroo

kanatti kan nama

basuu fiigichadha.

Ilmoo koo seenaa

Loox yaadataa?

Anis: - Eeyyeen

Abbaa koo nan

yaadadha.

Abbaa:- Ergaan lama dhufee akkana jedhaan “Kottu bakka

kanaa bahii adeemi”. Innis shakkee akkana jedhe “hanga boru

ganamaa bakka keessan gad lakkisa bahaa ykn immoo akka

Gibxoonni jedhanitti boru ganama lolaan galaanaa ni

uumama” Innis “hin ta’u Loox ganama abiddi ni rooba!

Haadha mana isaa fi ilmoo isaa fudhee fiige. Jechoota gaarii

ta’aan sadiidha kan nutti himan.

Waraana keessatti dhugaa dubbachuun hanga kam dadhabaa taatu fi hanga kam illee kuftuus atatamaan ka’uun kayyoo keetif hanga dhumaa dhaabbachudha.

Page 24: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 24 ~

Jechi jalqabaa “jireenya keef yoo jette fiigi”

Wantoota hamoo fi eenyummaa cubbuu jireenya kee

balleessuuf jedhu irra bahuuf fiigi. Fedhiiwwan badoo fi

yaadonni adda addaa sammuu kee keessatti yoo ta’e nuffiin

ykn suuta jechuun kee si balleessa yoo yaadota kana of keessa

basuu dadhabde. Humna qabdu hundaan lakki jedhi. Hanga

kam yoo kuftees, injfatamtees lakki jedhii ka’i. ifatti

dubbatamee jira “jireenya keef yoo jette miliqii bahi” kan

jedhu. Sanaan booda nuffii sirra jiruun jala bahuuf baqadhu;

wantoota baay’ee badoo ta’aan jala baqaadhu. Eenyuu illee

jireenya afuura yoo dhaga’e jireenya isaa ni barara. Kana kan

hin taasisne garuu jireenya isa gara badiitti geessa.

Jechi lammaffaan “naannoo sana hin dhabbatin” wanta badaa

tokko ati badaadha jedhiin. Wanti badaa xiqqaa fi guddaa

jedhamu tokko illee hin jiru. Wanta badaa sana keessa

bahuun yoo siif hin tole illee badaadha jechuun ceepheessu

yoo dadhabde illee Waaqayyo kana irra akka si baraaru eegi.

“wanta barbaduu fi hanga dandeessu” gidduu garagarummaan

ni jira.

Anis: - garagarummaan maaliidha Abbaa koo?

Abbaa keenya: - garagarummaa qaba. Barbachuu jechuun

sagalee Waaqayyo dhageessa. Garuu ati bakka hin kennituuf

Page 25: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 25 ~

ni mormita. Dhag’uus hin dandeessu. Cubbuu badaas

cubbuudha jettee dhiisuu hin dandeessu. Dhaga’uus hin

barbadu. Ati gammachuu qabda gonkuma illee hin

gaanlbbitu. Kanaafuu Waaqayyo garbicha isaa balbala laphee

kee rurukkutaa jira. Fedhii kee garuu dirqisisee seenu hin

barbadu.

Hanga dandeessu jechuun wanta badaa tokko jibbuudhaaf ni

yaalta garuu dadhabdee ammaas ni yaalta. Ammas irra

deebitee yaalta, ammas yaalte dadhabaa taatus ni injifata.

Garuu yoo kuftu cubbuu ta’uusa ni amantaee ni gaabbita.

Ati eyyemamaa yoo taate fi yoo barbade Waaqayyoodhaaf

salphaadha. Humna fi dandeetii kan gaafatu sitti fakkaata.

Cubbuudhaan waan kufteef hin badin. Daandii kee

qabadhuutii qabsicha itti fufi. Waaqayyo gara kee ni dhufa hin

shakkin. Dhukkuba kee wajjin gara isaatti simatee dadhabina

kee gara ciminaatti jijjira.

Anis:- ergaan kecha sadaffaan maaliidha?

Abbaa keenya: - jechi inni

sadaffaan gara booddee

hin ilaalin. Hojiiwwan

badaa darbaan gara

booddeetti deebi’uun

Cubbuu darbeef hin yaadin;

gara sanatti si deebisuu fi

dhiphisuu ni danda’u.

(Abbaa Inxoos)

Page 26: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 26 ~

yaadachuun itti hin gammadin, wanta dhiisteefis gonkuma

illee gaabbiin sitti hin dhaga’amiin. Bakkeewwan cubbuu itti

rawwatee fi namoota si miidhan gonkuma yaadachuuf hin

yaalin. Armaan dura daandiiwwan cubbuu keessatti kufte

keessatti kufuuf gonkuma hin yaalin. Dibaaloos gara

booddeetti si deebisuudhaaf yeroo yaalu lakki jedhiin. Haadha

mana Loox yaadadhu. Yeroo gar booddee ilaaltu soogidda

ashaboo taatee haftee jirti. Seenaa Loox isa haaraa sitti

himeen jiraa?

Anis: - lakkii abbaa seenaa kana natti hin himnee? Seenichi

jarraa 14ffaa ykn 15ffaa keessa kan rawwatame osoo hin ta’iin

kan dhiyoodha. Seenaa kana kan naaf seenesse Phaaphaasii

ykn Luba tokkon osoo hin ta’iin abbaa gaabbii hiriyaa kiyya

tokkonidha.

Anis: - Egaa maaliidha Abbaa koo?

Abbaa keenya: - Dargageessi kun hiriyaa isaa maatii qabu

bakki isaa fageenya qabu tokko adeeme. Konkolataa irra

bu’ee gara manaa waliin jireenya darbii torbaaf gahe balbala

rurukkute. Gara mana yemmuu seenu hiriyaan isa hojiidhaaf

akka bahe fi torbeedhaan booda akka deebi’ee dhufu haati

mana itti hime. Garuu isheen cubbuu wajjin rawwachuudhaaf

yaade. Lapheen isaa baay’ee sodate “Waaqayyo maaloo na

Page 27: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 27 ~

gargaari” jettee sa’aatii namatti hin tole keessatti taatee kana

dinqisifachaa osoo hin beekin konkolata keessa gahuu isa

bare Waaqayyon galateeffate.

Anis: - kun jireenya keenya keessatti ni uumama jechuudha?

Abbaa keenya:- Eeyyeen ilmoo koo! Waaqayyoodhaaf yeroo

hunduma amanamaa yoo taate innoo yeroo hunduma siif

amanamadha. Laphee dhugaadhan gara isaatti iyyi inni siif

dhaga’a. sagalee isaa kan gaafatan hundaf tokkodha. Seexanni

hanga kam illee cimaa ta’uus lakki jedhiin. Humni Waaqayyo

baay’ee cimaa fi barri kan hin jijjireedha. Hojii badaa wajjin

garuu maari’achuuf hin ta’iin.

Magaala haaraa tokko keessatti mana jireenya waliini haaraa

ta’e tokko keessa namoota jiraatan turan. Namni uffanni isaa

baay’ee miidhagu tokko kufee halkan balbala mana rurrukute.

Innis fooddaa irran yeroo ilaalu nama namusa qabu fakkaata.

Balbalaas banaanif. Akkuma balbala banaaniif samtoonni ykn

hattoonni shan utalanii gara mana galuudhaan kan argataan

hunda hattanii bahan. Ilaali ilmoo koo! Seexanni yeroo dhufu

bakkeedha gaarii fakkatee; ofiisa of dhoksee fi hiriyaa si

jaalatu, fira fi obboolleessa kee fakkaatee gara kee dhufa.

Keessi isa garuu kan summa’edha.

Page 28: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 28 ~

Anis: - garuu akkamitti to’achuun danda’aa?

Abbaan keenyas:- gufuun tokko al lama akka si hin

gufachisne hin eyyamaniif. Haa ta’u malee, yoo si gufachisee

fi kufte ka’i malee harka hin kennin. Bakka jirtu kana armaan

duratti namni baay’een isaanii akka hataman hin dagatin. Si

hatuun akka ofitti qanooftu si taasisa. Haa ta’u malee balbala

laphee kee rurrukkutuu danda’a malee cabsanii galuu waan

hin dandeenyef ati balbala laphee kee akka cimsitee cuftuu fi

boji’amuu dhiisuu kee hubadhu. Laphee qulqulluudhanis

kadhadhu; mana isaatiis hin bahin innoo si fayyisaatii. Warreen

hamoodhaaf hammeenyummaa walakkaa ykn xiqqoo ishee

illee tole hin jedhin.

Anis: - maalidha hammeenyumman xiqqoon ishee Abbaa

koo?

Abbaa keenya:- daandii gaarii fi yaara; du’aa fi jireenya,

Waaqayyoo fi seexana jira. Daandiiwwan kana lameen gidduu

daandiin jiru daandii walakkeessadha. Duuka bu’aan

qulqulluun Phaawuloos akkuma jedhe, “Wanta hamoo

kamiyyuu irra fagaadhu” (፩ffaa Tasalonqee ፭፤፳ ፪) Daabiloos

daandii Waaqayyo akka adeemtu gonkuma hin barbadu.

Guutummaa guutuus wanta badaas akka hojjetu hin barbadu.

Page 29: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 29 ~

Anis:- Maal Abbaa Seexanni ani akkaan guutummaa guututti

seexana ta’u hin barbaduu?

Abbaa keenya:- Daandii Waaqayyo akka adeemtu hin

barbaadu, akka hin adeemne daandii hunda argate hundatti s

gufachisuudhaaf ni tattafata. Haaluma wal fakkatuun daandii

isaa irra akka imaltu hin barbadu.

Anis: - Maaliif abbaa akka ani daandii isa irra hin imale kan

taasisuuf immoo?

Abbaa Keenya: - cubbuu guddinaan akka kana cubbuu hin

jiru jedhamu hojjetee gaabbii galuun gara Waaqayyootti

deebi’uu dandeessa. Haa ta’u malee cubbuu gidduu galeessa

rawwattee cubbuu sun akka cubbuu hin taanetti sitti fakkeesse

gidduu sana si dhaaba.

Anis: - kana akkamitti beekun danda’a ani Abbaa?

Abbaa keenya: - afuurri qulqulluun yeroo akka ati cubbuu

sana irra deebitu laphee kee dammaqsu sitti yeroo

dhaga’amuudha. Jireenya tokko keessatti wanti sitti hin tole

yoo jiraate fedhiin tokko yoo si ceephesse daandii kee dhabi.

Fedhiin yaada kun jireenya kee keessa hanga jiruutti

obboroodhaan ka’ii gara Waaqayyootti iyyi. Bo’iitii wanta

badaa irra akka si eegu kadhadhu.

Page 30: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 30 ~

Anis: - maaloo abbaa koo akka sirritti naaf galu fakkeenya

tokko naaf kennaa.

Abbaa keenya:- ani waan tokko sitti hin himu garuu yeroo

hundumaa osoo addan hin kutin akka kadhattuun sitti hima.

Sanaan booda Waaqayyo siif ibsa. Inni akka siif ibsu, akka si

eegu fi jaabessu kadhadhu.

Anis: - gorsa gaariidha Abbaa koo. Garuu dhiifama naaf

godhaa malee wanta hojiitti hiikamu miti.

Abbaa keenya: - maaliif ilmoo koo?

Anis: - sababni isaa abbaa koo jireenya keenya hin beeku.

Nutti wanta hojjechaa jiru hin argu. Seexanni balbala laphee

keenya cabsee seena malee hin rurukkutu.

Abbaa keenya:- inni dubbii ijoo sadaffaa ilmoo koo!

❖ Waraana kadhannaa ti

Anis:- kadhannaa waraanaa jechuun hoo maal jechuudha?

Abbaa keenya: - waraana namoota, qilleensa, taankii irra

dhufu ni jira. Qaama kee kamiyyuu miidhuus ( fakkeenya ija

kee) “Uuma koo ija koo na fayyisi” jechuun osoo adda hin kutin

kadhadhu.

Page 31: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 31 ~

Anis: - eegaa akkanatti osoo iyyuu waraana hin dhaabuu?

Abbaan keenya: - hin dhaabu ilmoo koo jabachaa adeema

malee.

Anis: (sagalee ariidhaan) ni dabalaa? Qorumsa ani dabarse

gahaa mitii? Yoo na dhiise hin wayyuu?

Abbaa keenya; - taasgaba’i ilmoo koo. Yeroo murasaan

booda gartuu tokkotti gora. Hanguma qorumsi cimaa adeemu

atis “Iyyasuus Waaqa koo na fayyisi” jechaa ni iyyita. Inni qabsoo

isaa ni cimsa. Ati Waaqa kee kadhachuutti cimta. Hanguma

inni qorumsa waraanaa sitti cimsu atis sagalee kee gara

Waaqayyootti ol kaasta. Yeroo murasaan booda seexanni

yeroo si sodatu argita.

Anis:- Seexanni ana sodaata moo? Akkam ta’ee na sodaata?

Abbaa keenya:- hanguma yeroo baay’ee qabsoo waraanaa

geggeesu injifadhee

kufisu irra akka inni

kadhannaatti cimu

taasiseen jira! Jedhee

sodaata. “Ayii dhiisi

dhiisi si gaha hiribni

gaariidha; dubbisi

dubbisi” sin jedha.

hanguma inni si

waraanu atis kadhannaatti cimtee seefiin kadhannaa sanan isa

Eenyuu illee Iyyasuus Kiristoos jedhee kan

waamatu; innoo seefii isaatin diina muree

darbata.

Page 32: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 32 ~

yeroo rukkutu waraana sirra dhaaba. Haa ta’u malee si

kufisuudhaaf daandii biroo barbaduu egala. Yaada badaa

hawwii hamoo ta’e waraanuudhaaf tooftaa kana fayyadami.

Anis: - tooftaa maaliidha Abbaa koo inni immoo?

Abbaa keenya:- namni baay’ee aare tokko baay’ee sammuun

isaa dhukkubsatee maatiin isaa gara mana yaalatti fudhachuuf

yaalan. Isaaniin mormee harka isaan hin qabne harkaa bade

fiige. Baay’ee isaanitti dheekama; Isaanittis aara. Maatiinis

gargarsa barbaduudhaaf gara ogeessa fayyaatti bilbilu.

Ogeessis akkamitti akka nama sammuun jeeqame

dhukkubsate tokko kununsu ni beeka.

Anis: Akkamitti kunuunsuun danda’a?

Abbaa keenya:- ogeessi suuta jedhee fuula bifa gaddeen isa

fakkatuun gara isaatti siiqe akkana jedheen “ati aartee ta’uu

danda’a; ani garuu si caalaa baay’ee aaree fi gaddeen jira” namni

aare sun sodachaa akkana jedhe “namni kun ana caalaa

maraatadha” jedhe. Ogeessichi namicha gowwomsu isaa erga

hubatee suuta jedhee taasgabeesse qoricha lilmoodhaan

waraanee gara Hospitalaa fudhata.

Anis (kolfeen):- kun toofta haxxummaan guutameedha

Abbaa.

Page 33: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 33 ~

Abbaan keenyaas:- Atis haaluma wal fakkatuun seexana

wajjin walii galta. Aare si qabuu yeroo barbaadu atis isa caalaa

akka aarte itti himiti. Yeroo sana hanga yaadni sirra baduutii fi

seexanni hanga si gatee baduutti kadhannaa isa waraanu

danda’u gaggeessuu kee itti fuufi.

Dhugaa dubbachuudhaaf ilmoo koo ati seexana irratti goota

taata ykn immoo seexanni sirratti goota ni ta’a. Daa’imni

xiqqoon tokko mana fuldura taphaacha turte. Isa kan caalu

daa’ima wagga afurii wajjin wallansoo eegale. Daa’imni kunis

daa’ima sana hudhee qabate. Daa’imichis iyyee akkana jedhe

“Abbaa koo Abbaa koo ….” Jedhee iyye. Abbaan daa’ima kana

iyya ilmoo isa osoo dhaga’ee maal jedha sitti fakkata?

Anis: - Ariitiidhaan gara Sanaa adeeme daa’imicha bararee

daa’ima isa gudda sana rukkuta.

Abbaa keenya:- sirriidha ilmoo koo. Haa ta’u malee, daa’imni

kun suuta jedhee osoo daa’ima kana morma isa hudhee jiraate

abbaa isa waamaa “Abbaa koo daa’imichi morma koo hudhee jira

dadhabeen jira dafii naaf koottu” jedhaa?

Anis: - Kan taphaatan itti fakkata waan ta’eef daa’ima kana

baraaruuf dhufuu hin danda’u.

Page 34: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 34 ~

Abbaan keenyas:- hubadhu ilmoo koo, Abbaan foonii hanga

kaana yoo rawwate Abbaan nu uume hanga kam ariifatee

dhufee akka nu fayyisu yaadadhu. Hanga dandeessu gara

Waaqayyootti iyyi. “Waaqni nageenya miila isaanii jaalatti

ariitiidhaan ni rukkuta. Sugni Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos

Isiin wajjin haa ta’u” (Room 16:20).

❖ Akkasumaas holqa itti of dhoksitu qopheeffadhu

Anis: Holqi itti dhokadhu maalidha Abbaa koo?

Abbaa keenya:- Namni kamiyyuu dadhabina mataa isaa

qaba. Kana immoo diinni keenya Seexanni ni beeka. Wanti

gaarii ta’u garuu yeroo hundumaa dadhabina mataa isaa

sirritti osoo beekee dadhabina isaaf holqa kan

qopheeffatudha. Yeroo durii diinonni yeroo gara magaala

galu ummanni hundi isaanii gara magaala galuudhaan

balbalaawwan gara magaalatti namoota ol galchu hundasanii

ni cufu.

Gamoos ni ijaaru; iddoo itti dhokatanis ni hojjetu; sanaan

booda diinonni yeroo dhufan gamoo ijaarsa sana diiguudhaaf

sirritti waa’ee gamoo sana ni qoratu. Sanaan booda gamoo

sana diigu ni yaalu. Gamoon dallaa sana salphaa fi dadhabaa

yoo ta’e magaala sana diigamudhaaf sababa ta’a. namni

Page 35: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 35 ~

kamiyyuu dadhabina mataa isaa qaba. Dadhabinni nama

kamiyyuu adda addummaa mataasaa qaba. Inni guddaan

garuu dadhabina isaanii sana baruudhaan adda basanii

sirreessuudhaaf yaaludha. Sirreessuudhaaf yoo itti ulfatee

garuu gara wanta hamoo cimaatti adeemurra ykn immo

ce’uurra Waaqayyo dadhabina qabnu akka sirreessu

kadhachuudha. Laphee gaarummaadhaan yoo kadhattee

Waaqayyo waan barbaadde hunda ni kenna.

Anis: - wantoota badoo sammuu kee keessatti maxxanfame fi

irra deebi’ee akka

yaadachuu hin

dandeenye tooftaa

sadii gurguddoo sadii

akka natti himtaan

armaan dura waadaa

naaf galtanii turtan.

Abbaa keenya:-

kanaaf sammuu

keenya keessa

wantoonni ta’uu

danda’an sitti himuun

duratti jalqaba irratti

Eenyuu illee jireenya ta’us

ofii isaanii fannoo Iyyasuus

Kiristoos jalatti of darbatanii

diina seexana wajjin warri

wal waraanan jireenya

gadaamii irra kan caalmaa

qabatee firii kennu gonkuma

hin jiru.

Page 36: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 36 ~

Waaqayyoon yaadadhu. Waa’ee qaamota miira shanan nu

barsiisu dubbisi. Ani immoo wantoota kanneen waarqadhaan

barreessee ka’een jira.

Anis: - Baay’een Isiin gaalateeffadha Abbaa koo. Garuu wanti

kun of eegannoo barbaachisa.

Abbaa keenya:- Qaamoota miira keenya eegachuu qabna

ilmoo koo! Hanguma yaadonni hamoon nu waraanaan

qaamota miira keenyaaf of eegannoo kennaa adeemna. Kunis

al tokkon ta’uu hin danda’u. isa cubbuu ta’e tokko immoo ati

cubbuudha jechuun qabna malee cal jennee bira hin taru.

Gibxoota biratti dubbii “Daldalaan tokko yemmuu kisaara keessa

galu; akkataa dur ittin qusachaa ture sanatti deebi’a” jedhu.

Anis: - Maal jechudha kun immoo Abbaa koo?

Abbaan keenyaas:- Maddawwan cubbuu cufuu yeroo eegalu

(qaamota miira shanan to’achuu gaafa eegalu); hin ta’u jechuu

gaafa eegalu, sarara kallattii sirrii ykn qajeeloo Waaqayyo

jaalatun kadhannaa gaafa geggeessuu eegalu Seexanni

kisaara keessa gala. Kanaaf inni si waraanuudhaaf wanta

badaa dur si hojjechise sana kaasee akka ati yaadatu,

abjuuwwan badoo fi wantoota badaa hojjecha turte akka

yaadattu taasise isaan si qoruu ykn waraanuu eegala.

Page 37: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 37 ~

Anis:- Egaa akkamitti kana jalaa miliquu akkamittin danda’a?

Abbaa keenyas:- hunduma dursee yaada sammuu

keenya fannifamuu Gooftaa keenya irratti maxxansuun

yaadachuu barbachisaadha. Qulqulluun Phaawuloos “Yaa

saba Gaalatiyaa Kiristoos dura keessanitti yeroo hundumaa

yaadataniif innoo fakkiidhaan fakkeeffamee akka fannifameetti

ta’ee jira” (Gal 3:1) kan jedhu dhageesse beekta? Abbaan

Bishooy sirritti waa’ee kana lafa ka’ee jira. Kanaaf fakkii

Gooftaa isa nuuf jedhee fannifame sana sammuu kee keessa

godhatee yaadachuu qabda malee cubbuu seexanni si

hojjechise sana kisaaraa lamaffaaf hin yaadatin. Kanaaf ilmoo koo fakkii Goofta keenya uffata keenyan, balbala

keenyan, Komputeera keenyan, akkasumaas bakka jiru

hundatti ka’uudhaan hanga nuuf danda’ame yaadachuu

qabna.

Anis: - Maaliif Abbaa ?

Abbaa keenya:- Maacafni qulqulluun akkana jedha “Inni ofii

isaatii cubbuu foon keenyaa muka irratti bate; mada’uu isaatiin

fayyitanii jirtu” jedha. Waa’ee cubbuu keenyaf kan du’e

Iyyasuus Kiristoos caalmatti yaada sammuu kee keessa

godhattee irra caalmaan ilaali olmaa inni siif oole sammuu fi

qaama kee hunda keessatti maxxansi qabadhu. Yeroo ifti

tokko ifu dukkana hunduma akkuma balleessu fakkiin

Page 38: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 38 ~

Waaqayyoos sammuu keenya irratti cubbuu fi hojii

hammeenya bocamee jiru hunda haqee balleessa. Seexana

wajjin yeroo waa’ee wanta badaa ta’e waranaa jirtu gara

Qaaraniyoo akka bahaa jirtu yaadadhu. Achumaan fannoo

jalatti jilbifadhuutii dhiiga fi foon Kiristoos wajjin dubbadhu.

Akkanaas jedhin “Dhiigni Gooftaa koo Iyyasuus Kiristoos cubbuu

koo hundarraa na qulqulleesi”

Anis:- dhuguma kun firii atattamaa fiduu danda’aa?

Abbaa keenya:- dhuguma firii dhugaa qaba. Namoonni

baay’een armaan duratti yaalii godhanii jiru. Waa’ee uumama

immoo murtii fi ijannoon kee murteessadha. Cimaa yoo

taatee fageenyicha daqiiqaa shan keessatti ni xumurta. Nama

dadhabaa yoo taatee immoo sa’aatii sitti fudhachuu danda’a.

Anis:- kennaa Waaqayyootin nama cimaa nan ta’a. sanaan

booda jireenya koo kan miidhu wanta nama dadhabsisuu fi

balleessu akkasumaas yaadota badoo yaadachuun maddi isaa

akka gogu hawwiin qaba. Inni lammaffaan hoo maaliidha

abbaa koo?

Abbaa keenya:- Faarfannaa Afuura dhageeffachuudha. Yeroo

teessuu, adeemtu, mana barumsa yeroo adeemtu

keessummaattuu yeroo raftu dhageeffadhu.

Page 39: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 39 ~

Anis:- yeroon rafus moo?

Abbaa keenya:- Eeyyeen ilmoo koo. Yeroo raaftu kan rafu

sammuu keedha

malee yaada miti.

Yeroo raftu onnee ykn

lapheen kee daqiqaa

tokkoof ykn immoo

lamaaf nan rafa jedhee

beekaa?

Anis:- inni hin jedhu!

Lapheen yeroo hojii

ishee dhabdu jireenyi namaas xumura ni ta’a.

Abbaa keenya:- Dhugaadha! Yeroo raftu, dammaquu fi hojii

yeroo hojjetuutti keessummattuu yeroo raftutti sammuun

faarfannaa ni dhaga’a.

Anis:- garuu sagalee dhaga’aa raafu hin danda’u.

Abbaa keenya:- namni hunduu akka keedha. Yeroo jalqabaaf

of irratti dhiibbaa godhii hojjedhu sanaan booda barsifata sitti

ta’ee faarfannaan alatti rafu hin dandeessu. Nama

dhukkubsataa baaqaqsanii hodhan tokko erga wallaansi isaaf

geggeefame booda dubbachuu eegala. Ogeessoonni fayyaa

“Abbaa keenya wajjin qabsoo kadhannaa geggeesuudhaan gaabbii

galuu adeema yeroo turetti” waan jedhaan dhageesse?

Sagalee qulqulluu afaan

isaatti qabatee gammachuun

kan rafu seexanni gara

isaatti dhiyaachuu hin

danda’u.

(Al Sheikh al Rohany)

Page 40: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 40 ~

Anis:- osoon beekee gaarii turee Abbaa koo?

Abbaa keenya:- ofii isaanii mana qulqulluu keessa akka

jiraatanitti of qopheessanii gamtaadhaan kadhannaa

geggeessu eegalan.

Anis:- anis akka isa ta’uun barbaade.

Abbaa keenya:- yeroo raftus, yeroo hirribaa kaatus

faarfannaa dhageeffachuu eegali. Keessummaattuu

faarfannaan qoricha jedhama.

Anis:- maalidha faarfannaa qoricha kan jedhamu kun?

Abbaa keenya:- yeroo qorumsi sitti heddummatu qorumsi sun

hanga dhaabbatuutti

faarfannaa baay’ee si

gammachisu irra deddebi’ii

ganamaas galgalas

dhageefachuu yaali.

Guyyoolleedha hanga

torbeewwanittis

dhageefadhu.

Fakkeenyaaf:- Ciminni kan argamu yeroo qorumsa irra jirtu

yemmuu jirtu “Waaqayyo anaaf dhugaa fi waadaa dubbii keef kan

amanamteedha; humni fi dandeetiin koos kan keedha” jecha

galateeffadhu. Qorumsi Sagagalummaa yeroo sitti dhufu “Ati

ni beekta yaa Waaqa koo na qulqulleessi, na qulqulleessi” jechaa

Hawwii guddadhaan iccitii

guddaa baruu yeroo

dandeesseetti wanta badaa

kamiyyuu yaadachuu hin

dandeessu. (Maar Isihaaq Isa

Sooriyaa)

Page 41: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 41 ~

faarfadhu. Yeroo qabsoo abdii kutuu fi dadhabbiin sitti dhufe

qabsooftutti “Iyyasuus ati kabajamadha; jireenya koo keessatti

hanga si kan kabajame hin jiru” jedhi faarfadhu.

Keessummattuu jireenya keenya kan gammachisu sirna

qulqulleessaa ykn qiddaasee keenya dhageeffachuu addaan

hin kutin.

Anis: tooftaan karaa biroo yaada keenya qulqulleessu ittin

dandeenyu maaliidha Abbaa koo?

Abbaa keenya:- torbee torbeedhaan caaqasa tokko tokko

qabachuu, al dhibba tokko irra deedebi’anii sammuutti

qabachuu.

Anis: - Maal jechuudha caaqasa tokko filatanii irra deedebi’u

moo? Kan biroo nan danda’a. Fakkeenyummaan garuu

dandeettii kootii olittidha.

Abbaa: - keessi keettis kophaa taatus irra deedebi’ii shakkali

sammuu fi yaada sammuu ni qulqulleessa. Sagaleen

Waaqayyo jireenya kan qabu seefii guddadha. Gara hojii

gadheetti kan fudhatu cedhedha diinota ni mura. Yeroo

hunda irra deedebi’ii shakkali osoo hin beekin keessa kee

galee yaadni sammuu isaan booji’ama. Dhugaa

dubbachuudhaaf jireenya afuura keessatti murtiin ni jira.

Page 42: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 42 ~

Anis: - Maal jechuudha abbaa koo?

Abbaa keenya: - namni tokko yoo dubbii badaa

dhaga’ee wanta hamoo yoo si agarsiisu seexanni yeroo kana

seenaa xumura hin qabne si hojjechiisuu barbaada. Seexanni

qorumsa sirratti fiduu gonkuma hin dhabu. Haaluma kana

fakkii Iyyasuus gaafa argu, sagalee qulqulluu ykn faarfannaa

yeroo dhageessu yaada sammuu kee to’achuutti ni adeema.

Xaarmusii tokko yeroo bishaan itti naaqxu bishaan guutee irra

ni lola’a. Peepsii

yoo itti guute

peepsiin sun

guutee irra ni

lola’a. haaluma

wal fakkatuun

qilleensa yoo

guute qilleensi

guutee irra ni

yaa’a. yaadni

keenyas

akkasidha. Wanta keessa jiruuf itti gaafatamummaa kan qabu

nu mataa keenyadha. Haa ta’u malee kun yeroo gaafata.

Qulqulluun Phaawuloos “eegaa fedhii keessaniif hin ajajamina,

foon keessan du’uu danda’uun cubbuun akka isin irratti mootii hin

Ija keenya; gurraa keenyas ta’ee

qaama keenya kamiyyuun illee

sagalee badaadhaan fi

cubbuudhaan yoo xura’ee gara

Waaqayyootti deebinee gaabbii

haa galu. Sagalee isaas irra

deedebinee haa dhaagenyu.

Page 43: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 43 ~

taane; qaama

saala keessan

Meesha qabsoo

taasisuudhaan

cubbuudhaaf

hin dhiyyeesina.

Haa ta’u malee

du’a keessa

ka’uudhaan

jireenyaaf akka

argataaniif ofii

keessan

Waaqayyoodhaaf dhiyyeessa. Qaama keessan Meesha qabsoo

qulqullummaa taasisuudhaan Waaqayyootti dhiyaadha” (Room

3:16)

Anis: - sagalee qulqulluu kam irraa eegalu Abbaa?

Abbaan keenyas: - dubbiin jalqabaa ilmoo koo “Iyyasuus ana

ni jaalata, waa’ee koof dabarsee of kenneera”.

‹‹Iyyasuus ›› kan jedhu dubbannu fi irra deedebinee haasofnu

hanga kam mi’awaa yoo ta’e amantaa Kiristaanummaa keenya

jabachaa adeema. “nu jaalata” kan jedhu jaalala uumamtoota

irra kan adda bahe fi Waaqayyo eenyummaa isaatiin akka nu

jaalatu nutti hima. Nama kamiyyuu jaalalli ni barbaachisa.

Hiriyoota fi maatii keenya irra adda nu baasu danda’a. garuu

❖ Yaadni qulqulluu akka ta’uuf

wanta taasisuu danda’an.

• Fannoo Gooftaan keenya ittin fannifame ilaalu.

• Faarfannaa dhaga’uu • Caaqasa tokko torbeetti al

dhibbaa irra deedebi’anii sammuutti qabachuuf shakkaluu .

Page 44: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 44 ~

jaalalli Iyyasuus wajjin qabnu gammachuu addaa keessa

keenyatti nutti dhaga’ama.

“Ofiisaa of dabarsee” kan jedhu immoo fannoo Iyyasuus

fuldura irra kan dhufuu fi ol fudhatamuu afuura

qulqulluudhaan ‘dhiphina kana hunda naaf jettee obsite” jettaan.

“Naaf jedhee” jettee “ati naaf jettee rakkoo kana hunda fi dhiphina

hunda isaa simatte; ani garuu fuldura keetti cubbuu hin hojjechuun

naaf hin ta’u” jedhin. Wanti kun sammuu keessa jiraachu

danda’a. haa ta’u malee jecha yeroo dhageessu yaadni

afuuran fudhatamee ni adeema.

Anis: - Jechoota baay’ee nama gammachisaanidha. Abbaa

koo bataluma kanatti jechuu nan eegala.

Abbaa keenya: - eeyyeen ilmoo koo abbaan koo yeroo natti

himu anis torbee guutuu irra deedebi’een jedhe. Sanaan

booda wagga tokko guutuun jedhe.

Anis:- al tokko tokko waa’ee Waaqayyoo jechi bittaa yeroo

natti dhufu maal gochuun qaba?

Abbaa keenya:- hin dhiphatin ilmoo koo! Hanga sababa

yaadicha barrutti fi furmataa kenninee balleesinutti

jalqabaa waa’ee yaadawwan Waaqayyootti haa himnu.

Yaadawwaan badaa kanneen balleessuudhaaf amma hojii

Page 45: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 45 ~

haa eegalu. Inni guddaan dhimmicha irratti murtee

jabataa ta’ee qabachuudha. Ijjannoo fi daandii keetiin

jabadhuu nama firii ta’u ni tata. Yoo dadhabdee fi rafte

garuu firiin gad aanaa argata. Tooftawwan yaadota ittin

to’achuu dandeessu si haa yaadachisu.

** Maddawwan isaa cufuu (qaamota miraa shanaan to’achuu)

** Lakki jechuu (yaadota badoo wajjin waliigaltedhaaf, mariidhaaf

taa’uu dhiisuu; hojii bada gartokkees lakki jechuu)

**Qabsoo kadhannaa (iddoo itti dhokataan qopheessu, jabatanii

kadhachuu, toofta gorsa xinxilaan sammuu jedhu fayyadamuu)

Naga’aan siif haa ta’u ilmoo koo; waa’ee nageenya keessa kee

maari’achuudhaaf hanga torbee dhufu wal arginutti

iccitiiwwan kannneen fi yeroo gaarii ganamaa wajjin imala kee

itti fufi.

Anis: - Wanta tokko na yaadachisa abbaa koo; yeroon gaarii

ganamaa maaliidha?

Abbaa keenya:- obboroodhaan katee osoo fuula kee hin

dhiiqatin, “Yaa Waaqayyo akkan si jaaladhu na taasisi; jaalala kee

akkan qabadhu na taasisi, yaa Waaqayyo si wajjin akkan jiraadhu

na taasisi” jedhi.

Page 46: haa to’annu?mbade2.com/.../uploads/2019/12/How-to-control-our-thought-afan-Or… · Waaqayyo abbaa jaalala fi dhugaa ta’uussa isa wajjinis jiraachuunis boqonnaa hanga kam akka

~ 46 ~

Maar Yisihaaq maal akka jedhee yaadadhu

“Kadhannaan nama cimaa jechuun kadhannaa kan baay’isu osoo

hin ta’iin kadhannaa kan addaan hin kunne” jechuudha.

Guyyaa hunduma ta’uus kadhachuu hin dhabin. Yeroo sana

Waaqayyos si wajjin jiraata. Kunis ciminaa fi haala qabinsa

kadhannaa keenya murteessadha. Waaqayyon jaalachuun

cubbuu jibbudha. Kanaaf ragaa Waaqayyo ni taana.

Anis: - nan eegala Abbaa koo!

Abbaa keenya:- eegaluun gaha miti ilmoo koo. Yeroo

hundumaa jabadhuu Waaqayyo si gargara.

Galanni Waaqayyoof

Dubroo Deessuu haadha isaaf

Kabajamaa Fannoo isaaf haa ta’u!