kichuu guddaa (ji’a 8-12) - gtn-learning.org facilitators guide... · marii hawaasaa gabbataa...

4

Upload: others

Post on 14-Sep-2019

9 views

Category:

Documents


0 download

TRANSCRIPT

Page 1: KICHUU GUDDAA (Ji’a 8-12) - gtn-learning.org Facilitators Guide... · Marii Hawaasaa Gabbataa darberratti, maatiiwwan daa’imman KICHUU XIXIQQOON wayita ji’a jaha guutan marqaa
Page 2: KICHUU GUDDAA (Ji’a 8-12) - gtn-learning.org Facilitators Guide... · Marii Hawaasaa Gabbataa darberratti, maatiiwwan daa’imman KICHUU XIXIQQOON wayita ji’a jaha guutan marqaa

Mata-dureewwan Ijoo kutaa kanaa Meeshaalee Barbaachisan

Nyaatawwan ABBAA URJII daakamaa lallaafaa hanga isaa baay’isuudhaan akka nyaata dabalataatti ida’uu

Waa’ee karoorfannaa bajataa maatii fi bittaa nyaatawwan ABBAA URJII miseensota maatii waliin mari’achuu

Tapha Karoorfannaa sirna soorata guyyee Daa’imaa (afata fi kaardota nyaataa gareelee xixiqqaa sadiif gahu)

Poostara nyaata dabalataa KICHUU GUDDAA

Gulantaa 1: Baga nagaa dhuftanii Akkana jedhi: “Kutaa marii 8ffaa waa’ee guyyoota 1000 jalqabaa kanaaf baga nagaan dhuftan ”

Gulantaa 2: Keessa deebii sagantaa marii darbee

1. Marii Hawaasaa Gabbataa darberratti, maatiiwwan daa’imman KICHUU XIXIQQOON wayita ji’a jaha guutan marqaa furdaa lallaafaa fi nyaatawwan ABBAA URJII daakaman jalqabsiisuudhaan haala gaariidhaan akka guddatan gargaaruuf maal gochuu akka qaban baranneerra.

2. Kanamalees, bajata maatii keessaa hanga tokko okeenyee nyaatawwan ABBAA URJII ittiin bituu akka dandeenyu, tapha Argannaa fi Bitannaa bajata maatii karoorfachuufi irratti mari’achuu shaakaluuf nu gargaaru taphanneerra.”

Meeqan keessinitu waa’ee daa’imman kichuu xixiqaa marqaa furdaa jalqabsiiftan? akkasumas daa’imman kun nyaatawwan daakamaa lallaafaa guyyaa guyyaan akka nyaatan kan taasiftan?

Meeqan keessinitu poostaraa fi qajeelfama gabaabaa waa’ee nyaata dabalataa “Kichuu Xixiqqaa” ibsu, abbaa warraa/haadha warraa fi miseensota maatii keessaniitti agarsiistan akkasumas keenyaa mana keessaniitti maxxansitan?

Meeqan keessinitu poostaraa fi barreeffama gabaabaa fayyadamuun marqaa furdaa lallaafaa nyaatawwan ABBAA URJII waliin daa’imman kichuu xixiqqaa keessaniif kan qopheessitan??

Meeqan keessinitu yeroo murteessaa ta’anitti harka keessan bishaanii fi saamunaadhaan dhiqattan?

Wantoota kanneen yeroo maatii keessan keessaniif qooddan rakkoon isin mudate jiraa?

3. Baay’ina amoota gochaalee kanneen yaalan yookaan raawwatan uunkaa gabaasaa marii hawaasa gabbaataa irratti guutaa.

Gulantaa 3: Mata-duree har’aa beeksisuu: KICHUU GUDDAA (Ji’a 8-12) Gaaffii: Filiipchaartii irraa maaltu isinitti mul’ata

Deebii: Marqaa siiniidhaan, daa’ima marqaa nyaatu

Akkana jedhi: “Mata-dureen har’aa waa’ee KICHUU GUDDAA ti.

1. “Daa’imman wayita umriin isaanii ji’a 8 guutu daa’imman KICHUU GUGUDDOO jedhamu. Yeroo kana qaamni isaanillee baay’isee guddata. Kanamalees, yeroo kanatti waa baruuf irra caalaa fedhii waan horatanii fi dammaqinas waan qabaniif nyaata hangi isaa baay’ee ta’e, amma amma nyaachuu qabu.”

2. Yeroo kanattis aannan harma haadhaa baay’ee barbaachisaadha. Haata’u malee, qaamni fi sammuun/surriin daa’imman KICHUU GUGUDDOO guddachuu akka itti fufu gargaaruudhaaf, nyaatawwan ABBAA URJII hangi isaa baay’ee ta’e nyaachuu qabu.

Gulantaa 4: Hangaa fi deddeebbii nyatawwan abbaa urjii Daa’imman kichuu irratti mar’achuu

Akkana jedhi: “Daa’imman kichuu guguddoon yeroo kanatti aannan harmaan dabalata nyaatawwan hangi isaa baay’ee ta’e isaan barbaachisa. Sababiin kanaas qaamaa fi sammuun guddachuu anniisaa baay’ee waan isaan barbaachisa.”“Garaachi isaanii hanga yeroo kanaattillee xiqqaa waan ta’eef yeroo tokkotti nyaata baay’ee nyaachuuf rakkachuu danda’u.

KICHUU GUDDAA (Ji’a 8-12) KUTAA 8

Garee Gaafadhu: Garaan daa’imman Kichuu Guguddoo yeroo tokkotti nyaata baay’ee baachuu kan hindandeenye ta’ullee, guyyaa guyyaan nyaata hangi isaa baay’ee ta’e akka nyaatan maatiiwwan maal gochuu danda’u?

1. Yaada isaanii akka nuuf qoodaniif hirmaattota jajjabeessaa.

2. Mariin erga xumurameebooda, qabxiilee kana cimsii hubachiisi: Daa’imman Kichuu Guguddoof guyyaatti nyaatawwan idilee fi tursiistuuwwan baay’ee irra deddeebiin nyaachisaa

Baay’na hanga fi irra deddeebii nyaatan dhawaata dhawataan dabalaa deemaa.

“Daa’imman Kichuu Guguddoon (ji’a 8-12 gidduu jiran) guyyaatti nyaata idilee 3 (Ciree, Laaqana fi Irbaata) fi tursiistuu 1 nyaachuu qabu”.

Maatiiwwan marqaa furdaa (qubaan kaasuun akka danda’amutti) nyaatawwan ABBAA URJIIN badhaadhe qopheessuu qabu.

“Daa’imman Kichuu Guguddoon (ji’a 8-12 gidduu jiran) guyyaatti nyaata idilee 3 (Ciree, Laaqana fi Irbaata) fi tursiistuu 1 nyaachuu qabu”. Maatiiwwan marqaa furdaa (qubaan kaasuun akka danda’amutti) nyaatawwan ABBAA URJIIN badhaadhe qopheessuu qabu.

Daa’imman Kichuu Guguddoon keessan nyaatawwan ABBAA URJII akka salphaatti alaanfachuu fi liqimsuu akka danda’an, daakuun lallaaffisaa.

Daa’imman keessan nyaachisuuf yeroo kennaa. Daa’imman kichuu guguddoon yeroo nyaata nyaatan itti kokkolfaa, ijaan hordofaa akkasumas itti haasa’aa. Haalli kun dandeettii sammuu isaaniillee cimsuuf gumaacha qaba.

Daa’imman kichuu guguddoof sahinii golboo akka qabaatan taasisuu dabalatee nyaata isaanii kenname obsaan akka nyaatanii xumuran jajjabeessaa

Aannan harmaa daa’imman Kichuu Guguddoof ammas barbaachisaa dha waan ta’eef yeroo fedhan akka hodhan taasisaa.

Nyaata idilee daa’imman kichuu guguddoon keessan nyaatan gabbisuu fi madaalamaa taasisuuf, nyaatawwan ABBAA URJII itti makaafi: Guyyaatti yoo xiqqaate nyaata ABBAA URJII-3 (bu’aalee beeyiladaa) tokko nyaachuu isaanii hin dagatinaa. Nyaata ABBAA URJII-2 (muduraalee fi fuduraalee) akkasumas nyaata ABBAA URJII-1 (dhadhaa fi zayita) nyaata idilee guyyaa guyyaan nyaatan hundatti makaafi.

Gulantaa 5: Poostara Yaadachiistuu waa’ee nyaata dabalataa isa mana isaanitti fudhatanii galan itti agarsiisuun irratti mari’achuu

1. Poostara Kichuu Guddaa hirmaattotaaf qoodi

2. Odeeffannoo poostaricharra jiru hunda dubbisuun gareef ibsaa

3. Nyaatawwan ABBAA URJII akaakuu gara garaa fi nyaatawwan idilee daa’imni Kichuu Guddaan nyaatutti akkamitti akka makamu hirmaattotaaf ibaa

4. Miseensonni garee akka mari’atan jajjabeessi.

5. Qabxiilee kanneen cimsii hubachiisi:

Daa’immaniif nyaata qopheessuun dura harka keessan saamunaa fi bishaanii dhiqachuu keessan mirkaneessaa

Daa’imman nyaachisuun dura harka daa’immanii bishaanii fi saamunaadhaan dhiqaa

Bishaan daa’imman kichuu guguddoon dhugan kiniiniiwwan bishaan qulqulleessan kanneen akka Bishaan gaarii dhaan qulqulleessuun barbaachisaa dha

Daa’imman kichuu guguddoo sarbaa yookaan afata ququllaa’aa irra teessisaa.

Page 3: KICHUU GUDDAA (Ji’a 8-12) - gtn-learning.org Facilitators Guide... · Marii Hawaasaa Gabbataa darberratti, maatiiwwan daa’imman KICHUU XIXIQQOON wayita ji’a jaha guutan marqaa
Page 4: KICHUU GUDDAA (Ji’a 8-12) - gtn-learning.org Facilitators Guide... · Marii Hawaasaa Gabbataa darberratti, maatiiwwan daa’imman KICHUU XIXIQQOON wayita ji’a jaha guutan marqaa

Gaaffii: Filiipchaartii irraa maaltu isinitti mul’ata

Deebii: Sahinii golboo xixiqqaa fi guguddaa, nyaatawwan abba urjii, buddeena,Ittoo shiroo, Garbuu

Gulantaa 6: Tapha Qophii Karoora sirna nyaata guyyee Daa’imaa taphachuuAkkas jedhi “Amma tapha karoora sirna nyaata guyyee daa’imman Kichuu karoorfachuu shaakalluuf nu gargaaru

taphanna.”

1. Hirmaattota gare xixiqqaa saditti qoodi

2. Tapha Karoorfannaa nyaata madaalamaa Daa’imma afataa fi kaardota nyaataa waliin garichatti agarsiisiti; TAPHAICHA AKKAMITTI AKKA TAPHATAN IBSIIF:

Qabeewwan guguddoo sadeen nyaata idilee mul’isu: Daa’imman Kichuu Guguddoon guyyaatti nyaata idilee 2-3 nyaachuu qabu

Qabeewwaan xixiqqoon sadeen tursiistuuwwan guyyaa tokko keessatti nyaatan mul’isu: Daa’imman Kichuu Guguddoon guyyaatti tursiistuuwwan 1-2 nyaachuu qabu

Gareeleen hundi kaardota nyaataa ilaaluun filannoowwan nyaataa daa’imman kichuu guguddoon isaanii akka nyaata idilee fi tursistuutti nyaachuu qaban mari’atu.

Namni hundi taphaicha dabareen taphachuu isaa mirkaneessi.

Daa’imman kichuu guguddoon wantoota itti aanan kana argachuu akka qaban qalbeeffadhaa:

i. Guyyaatti yoo xiqqaate nyaatawwan ABBAA URJII-3 tokko nyaata idileerratti yookan akka tursiistuutti argachuu qabu. Nyaatawwan ABBAA URJII-3 kan jedhamu nyaata bu’aalee beeyiladootarraa argamu.

ii. Guyyaatti yoo xiqqaate nyaatawwan ABBAA URJII-2 tokko nyaata idilee waliin argachuu qabu. Nyaatawwan ABBAA URJII-2, fuduraalee yookan muduraalee nyaata idileetti makamanii qophaa’ani.

iii. Guyyaatti yoo xiqqaate nyaatawwan ABBAA URJII-1 tokko nyaata idilee waliin argachuu qabu. Nyaatawwan ABBAA URJII-1, dhadhaa yookan zayita nyaata idileetti makamanii.

iv. Harma hoosisuu fedhii daa’imaa ilaaluudhaan itti fufuu

3. Tapha Qophii Karoora guyyee Daa’imaa tokko Garee hundaaf KENNI.

4. Haala gareeleen taphicha itti taphatu naanna’uun daawwadhu.

5. Miseensonni garee meenuu nyaataa daa’imman isaanii guyya guyyaan argachuu qabanirratti akka mari’ataniifi

kaardota nyaataa ilaaluudhaan waan hojiirra oolchuu danda’an akka filataifi wantoota qabeewwan guguddoofi

xixiqqaa keessatti qophaa’u akka filatan JAJJABEESSI.

6. Daqiiqaa 20 booda namni hundi gara garee guddiachaatti akka dhufan gaafadhu. Gareelee hunda keessaa, nama

waan garee xixiqqaan mari’atan ibsuu danda’u gaafadhu.

GULANTAA 7: Waa’ee Tapha Karoora sirna nyaataa ‘daa’imman KICHUU marihachuu

Gaaffilee Kanneen GAAFADHU:

Tapha kanarraa maal barattan?

Tapha karoo nyaata guyyee da’imman kichuu yeroo taphattan waanti isinitti salphate maali?

Tapha karoora nyaata guyee daa’imman kichuu yeroo taphattan rakkoolee garee keessan mudatan muraasni maali?

Karoora nyaata guyyee daa’imman KICHUU yeroo karoorsitan mala dhugaa irraa kan hin fagaanne ta’e miseensa garee irraa maal barattani,

Karaa maallaqa argattanii nyaatawwan ABBAA URJII bitachuu dandeessan, abbootii warraa/haadholee warraa fi miseensota maatii keessanii waliin mari’achuu dandeenya jettanii yaadduu?

Yeroo gaariin abbaan warraafi haati warraa yookan iseensonni maatii dhimmoota kanarratti mari’achuu itti danda’an jiraa?”

Abbaan warraafi haati warraa akkasumas miseensonni maatii waa’ee bajata maatii mari’achuufi nyaatawwan ABBAA URJII bituu qaban waliin murteessuuf wantoonni gufuu ta’an maal maali?

Marii goolabuu keen dura qabxiilee kanneen armaan gadii CIMSII HUBACHIISI:

Haadholeen Daa’imman Kichuu Guguddoofi Abaaboowwanii harma hoosisaa jiru waan ta’eef. nyaatawwan ABBAA URJII nyaata yeroo yeroon nyaatan waliin nyaachuu qabu.

Miseensonni maatii galii maatii isaaniirratti waliin mari’achuufi galii argamu keessaa muraasa nyaatawwan ABBAA URJII bituuf akkamitti akka fayyadamuu qaban waliigaluu qabu

Gulantaa 8: Meeshaaleefi Hojiilee manatti fudhatanii galan1. Poostaroota nyaata dabalataa Daa’imman Kichuu hirmaattota isaan ilaallatuuf RAABSI

Akkana jedhiin: “Dhimmoota kana galtanii miseensa maatii keessan waliin yeroo marii’attan haala ture namoonni fedhiidhaan walgahii dhufurratti nu gabaasuu dandeessan mee harka baasaa:

Waa’ee baay’ina akaakuu nyaata Kichuuwwan Guguddoo fi karoora guyyaa guyyaa nyaatawwan ABBAA URJII waliin karoorsuu mari’achuu

2. Hirmaattonni Poostaricha abbaa warraa/haadha warraa fi miseensota maatii isaanitti akka agarsiisanii fi daa’imman isaanii marqaa furdaa, lallaafaa fi nyaatawwan ABBAA URJII daakamaniifi mumuraman guyyaa guyyaan akka nyaatan,karaawwan ittiin gargaaruu danda’an akka mari’atan GAAFADHU

3. Miseensonni garee daa’imman Kichuu Guguddoo isaaniif kuduraalee fi muduraalee biqilchuuf Hojjettoota Eksiteenshinii Qonnaa waa’ee omisha oddoo keessaa fi hojiilee qonnaa fooyya’aa akka gaafatan JAJJABEESSI

4. Wantoota armaan olitti eeraman tokkoon tokkoo isaaf hirmaattota meeqatu harka akka baase yaadannoo kee irratti galmeeffadhu

Gulantaa 10: CufiinsaWalghiin itti aanu yoom akka ta’e hirmaattota YAADACHIISI

AKKANA JEDHI: “Hirmaannaa Ho’aa taasiftaniif galatoomaa !”