kitaaba qaacceeffame
TRANSCRIPT
XIINXALA KITAABA ASAFAA TAFARRAA DIBAABAA-THEORIZING THE PRESENT;
TOWARDS A SOCIOLOGY OF OROMO LITERATURE: JAARSO WAAQO'S POETRY.
BEEKAN GULUMMAA IRRANAAN [email protected]
1
Seensa
Barreeffamni kun gabaasa sakatta’a kitaaba qorannoo
eebbaa digrii lammaffaa, bara 2004, Asafaa Tafarraa
Dibaabaa mata duree, “Theorizing The Present”
jedhuun inni maxxansiiserratti xiyyeeffata. Kitaabichi
bu’aa qorannooti. Barreessaan kun walaloo goota
Oromoo tokkoo nama Jaarsoo Waaqoo, jedhu bifa
xiinhawaasummaatiin qaacceessee dhiyeesse.
Kitaabichi qorannoorratti kan hunda’e ta’ee, haala
siyaasaa, dinagdee, hawaasummaafi aadaa kan
Booranaafi gadi fageenyaan gaafa ilaalamu kan guutuu
Kitaabni Qaacceeffame: Theorizing the Present;
Towards a sociology of Oromo Literature: Jaarsoo
Waaqoo’s Poetry
Kan Maxxanse: Asafa Tafarraa Dibaabaa
Barri Maxxansaa: 2004
Manni Maxxansaa: Dhaabbata Maxxansa
Biraannaa
Magaalaa itti Maxxanfame: Finfinnee
Qaacceessaan: Beekan Gulummaa Irranaa
XIINXALA KITAABA ASAFAA TAFARRAA DIBAABAA-THEORIZING THE PRESENT;
TOWARDS A SOCIOLOGY OF OROMO LITERATURE: JAARSO WAAQO'S POETRY.
BEEKAN GULUMMAA IRRANAAN [email protected]
2
Oromiyaa hundumaa madda ragaa isaa walaloo Jaarsoo
Waaqoo, Finna san gamaafi maanguddoota Booranaa
gidduu-galeessa godhatee gadi fageenyaan ilaaluu
danda’eera.
Sakatta’a kitaaba kana kessatti qabiyyeen addaaddaa
aammatamaniiru. Isaanis mata dureewwan xixiqqaafi
gurguddaatti kan qoodamanidha. Mata dureen
gurguddoon kitaabichaas boqonnaa afur qabu. Isaanis:
Seensa, daayessa ilaalamuu qabaniifi qu’annaa
walfakkaatu, xiinhawaasaa gooroo geerarsaa,
qaaccessa yookaan xiinxala qaiyyee Jaarsoo Waaqoofi
xumuradha. Kunsi tokkoon tokkoonsaanii
gaggabaabinaan dhiyaataniiru.
Ibsa Alaan Mul’atu
Kitaabichi fuuldurasaan suuraa dachee magariisaa, kan
mukkeettiin muraasni darbanii keessaa gurguddattan,
XIINXALA KITAABA ASAFAA TAFARRAA DIBAABAA-THEORIZING THE PRESENT;
TOWARDS A SOCIOLOGY OF OROMO LITERATURE: JAARSO WAAQO'S POETRY.
BEEKAN GULUMMAA IRRANAAN [email protected]
3
bosonaafi gaaraan haguugame qaba. Karaa duuba qola
kitaabichaa immoo, yaada ciccimoo kitaabichaa
keessaa fudhatamantu barreeffame. Dabalaataanis
bakki dhalootaa, seenaan barnootaafi kitaabilee
kanaan dura barreessaan maxxansiise ibsamaniiru.
Akkasumas suurri barreessichaa karaa mirgaatiin itti
maxxanfamee jira. Suurri kunis qomasaan gadi wanta
biraatiin waan liqimfame fakkaata. Barreessichi
mataasaarratti kooffiyyaa meexxii irraa hojjetamefi
bocni hareedasaatii kan bifa geengoo qabuufi gadi
dheeratudha.
Suura barreessichaati gaditti immoo lafa bosonaafi
margi baay’ee keessaa barbadaa’antu argama. Lafa
baay’ee hubame kanarraa Saawwan toora galanii gara
bosonichaatti dheedaa deemantu argama. Isaa gaditti
immoo hummoon lakkofsaan muraasa ta’an soorata
barbaachaaf olii gadi ilaalu. Qola kitaabichaas Nama
Eyosyas W. Kidaan jedhamutu kuule. Gatiin kitaabni
XIINXALA KITAABA ASAFAA TAFARRAA DIBAABAA-THEORIZING THE PRESENT;
TOWARDS A SOCIOLOGY OF OROMO LITERATURE: JAARSO WAAQO'S POETRY.
BEEKAN GULUMMAA IRRANAAN [email protected]
4
kun ittiin gurguramullee qarshii soddomii shan
ta’uunsaa kaa’ameera. Kitaabichis kaninni
maxxanfame dhaabbata maxxansa Biraannaatiin.
Hiikkoon Saawwanitti, suuraa liqimfamte, lafatti bosonni
irraa dhumte, hummoottiifi suurattiin qoma gaditti
liqimfamtee hamma gaafa nuuf iftuutti Obsaan haa
eeggannu.
Karaa fuula kitaabichaatiin keessaan fuula tokkorratti
eenyu kitaabichaan yaadatamuu akka qabu lafa
kaa’amee jira. Innis Kitaabni kun “Daraaraa Osoo Ija
Hingodhatiin Karaatti Cabaniif Malee Harka Isaan
Cabseef Hinta’iin” (For Those Flowers Crushed in Buds
Not for The Crushing Feet” kan jedhudha.
Gara fuula biraatti erga seenee booddee dubbisaaf
akka tolutti hiikkoon jechootaa tokko tokko erga
laatamaniin booda jechoota Afaan Oromoo qabiyyee
kitaabichaa keessatti deddeebi’anii kan mul’ataniif
XIINXALA KITAABA ASAFAA TAFARRAA DIBAABAA-THEORIZING THE PRESENT;
TOWARDS A SOCIOLOGY OF OROMO LITERATURE: JAARSO WAAQO'S POETRY.
BEEKAN GULUMMAA IRRANAAN [email protected]
5
hiikkoon Afaan Ingiliziitiin kennameeraaf. Ittuma
fufuunis qubeewwan Afaan Oromoo gurguddoofi
xixiqqoon dubbifamaafi dubbachuiiftuutti erga
qoqqoodamnii booda ibsa gaggabaabaa waliin
laatamaniiru. Kanaan booddee waa’ee kitaabichaa kan
ilaallatu ibsi erga laatameen booda, kanneen hojii
guddaaf dadhabsiisaa hojjetaman kana keessatti hanga
danda’an gumaacha karaa hundumaan godhaniif
galanni erga kennameen booda gara qabiyyeewwan
gurguddoo kitaabichaatti darbameera.
Qorannichis irra caalaan xinxala qabiyyee walaloo kan
hawaasummaa, aadaa, dhimma qabeenyaa Oromoo,
haala dhimma siyasaa biyyattiin keessa jirtu kan of
keessatti aammatee jirudha. Kitaabichis walaloo
Jaarsoo Waaqoo kan ka’umsa godhate yoota’eeyyuu
haala xiin-haawaasummaatiin kan qaacceessee
dhiyeesseefi qorannichas odeeffannoo kallattii
hedduun walitti fiduun kan jabeessedha.
XIINXALA KITAABA ASAFAA TAFARRAA DIBAABAA-THEORIZING THE PRESENT;
TOWARDS A SOCIOLOGY OF OROMO LITERATURE: JAARSO WAAQO'S POETRY.
BEEKAN GULUMMAA IRRANAAN [email protected]
6
Seenaa Jaarsoo Waaqoo
Seenaan dhalootaa Jaarsoo Waaqoo odeeffannoo
qabatamaa fira dhiigaa Jaarsoo, obboleessasaa
hangafaafi firootasaa akkasumas meeshaalee
‘Abdullahifi Shele’ irraa odeeffannoo argamaniin
Asafaan qindaa’amanii kaa’amaniiru. Jaarsoo Waaqoo,
abbaasaa Waaqoo Qooxxoofi haadhasaa irraa
booranatti dhalate. Jaarsoon maatiisaatiif dhala jahaffaa
yommuu ta’u, gosti inni keessaa dhalate Noonnituu
jedhama. Haatisaa yeroo inni daa’ima waggaa afurii
ture waan irraa duuteef dhiibbaa gurguddaan irra
geessifameera. Akka odeeffannoon Nama Booranaa
kan ta’e maqaansaa Tarri’ jedhamurraa barreessichatti
himametti Jaarsoon, darbee darbee hiriyaasaatti
maxxana malee, yeroo mara nama kophaasaa jiraachuu
filatu ture (Ful. 35).
XIINXALA KITAABA ASAFAA TAFARRAA DIBAABAA-THEORIZING THE PRESENT;
TOWARDS A SOCIOLOGY OF OROMO LITERATURE: JAARSO WAAQO'S POETRY.
BEEKAN GULUMMAA IRRANAAN [email protected]
7
Jaarsoon yeroo tikee ture irraa eegalee nama fincilaa
ture. Manguddoonni (elders) dhimma lafaarratti
saboota naannoo jiran (garri, Gabrafi Somali) waliin
yeroo walitti bu’anii araaraman dheekkamaa ture.
Boodas yeroo loltuu ABO tures osoo walirraa hinkutiin
hoggantoota qeeqaa ture.
Jaarsoon Yeroo tikee turetti, hiriyootasaatti, tikee ta’ee
akka hinhafnefi gaaf tokko, ABO waliin tahee akka
sabasaa bilisa baasu dubbataa ture. Boodas yeroo
umuriinsaa waggaa 14 ta’u gara magaalaa
Naayiroobiitti badee, adeems keessa ABO waliin
walbare. Haaluma kanaan bara 1987/88 ABO waliin
tahee qabsoo eegale. Yeroo kanatti daangaa Keeniyaa
iddoo Sololoo jdhamutti shamarraa ‘Diimaa’ jedhamtu
fuudheetu ilma Boruu jedhamu deesseef. Jaarsoon
walaloosaas idduma kanatti qindeeffate. Qabsaa’aan
kun aadaa uummata Oromootiif, keessumaayyuu
sirbaafi walaloof fedhii inni qabu guddaa ture.
XIINXALA KITAABA ASAFAA TAFARRAA DIBAABAA-THEORIZING THE PRESENT;
TOWARDS A SOCIOLOGY OF OROMO LITERATURE: JAARSO WAAQO'S POETRY.
BEEKAN GULUMMAA IRRANAAN [email protected]
8
Jaarsoon barreessuufi dubbisuu kan inni danda’e erga
waraana adda bilisummaa Oromoo (WABO)’tti
dabalameen booda. Kanarra kan hafe barumsa idilee
nama hinqabne ture. Haata’uuti garuu hanga gaafa
lubbuunsaa dirree qabsoorratti darbituutti ergaa
dhoksaa baay’ee of keessaa qaban kana barreessee
kaasseettaan waraabee kaahaa ture (Ful 40). Waloo,
Qabsaa’aafi gootni Oromoo Jaarssoo Waaqoo jalqaba
gara waggaa 30’ffaasaatti akka deeffanno argamaniifi
Obboleessasaa hangafaa Jaarsoo’tti Fulbaana 21, 1994
Mana hidhaa Wayyaanee seenee dhiphifamuuf
rakkachuu mannaa jedhee lubbuusaa ofiin of
wareege(ful 18,40). Xumurri jireenya Jaarsoo akkasiin
yoo ta’u, hojiinsaa garuu ammas ta’e boru seenaa
keessatti kan ka’udha.
Qabiyyeee Gurguddoo Kitaabichaa
Boqonnaa Tokko: Seensa.
XIINXALA KITAABA ASAFAA TAFARRAA DIBAABAA-THEORIZING THE PRESENT;
TOWARDS A SOCIOLOGY OF OROMO LITERATURE: JAARSO WAAQO'S POETRY.
BEEKAN GULUMMAA IRRANAAN [email protected]
9
Boqonnaan tokkooffaan seensa kitaabichaa jalatti
aammatame. Jecha hayyuu tokkoo nama maqaansa
Myles Munroe jedhamuutiin eegala. Innis: Namni
sirriitti hubatee ilaaluu hindandeenye tokko wanta isatti
dhufe hundaaf garba ta’a (The person who cannot see
the ultimate becomes slave to the immediate) kan
jedhuun eegala.
Boqonnaa tokkoffaa keessattis ka’umsi qo’annichaa,
sababaatti walaloon Jaarsoo qo’annof filatame, kaayyoo
qo’annoo, mala qo’annoo, waa’ee katabbiifi jijjiirraa
Finna sana Gamaa I-IV dhiyaataniiru. Barreesichi
jalqaba boqonnaa jalqabaa kana keessatti ogafaan
yookaan ogbarruu Oromoo qorachuu ilaalchisee gaaffii
lama gaafata. Isaanis:
1. Qo’annoo Og barruu Oromoos ta’ee ogafaan
qo’achuun eessaa jalqabuu qabaa?
XIINXALA KITAABA ASAFAA TAFARRAA DIBAABAA-THEORIZING THE PRESENT;
TOWARDS A SOCIOLOGY OF OROMO LITERATURE: JAARSO WAAQO'S POETRY.
BEEKAN GULUMMAA IRRANAAN [email protected]
10
2. Qo’annoo og-barruu Oromoo keessatti kallattiin
ofii garamitti ta’uu qabaa? (Ful, 13).
Haaluma kanaan kan walqabate, og-barruu Oromoo
jireenya Oromoon har’aa geggeessaa jiru ilaaluun,
gadi fageenyaan xiinxaluu barbaachisa. Yoo ta’uu
baate dhugaa har’a jiru hubachuun, kan boruu raajuun
hindanda’amu. Gama biraatiin immoo Ogwalaloo
Oromoo ilaaluuf, duuba deebi’anii ilaaluufi seena inni
keessa darbeefi jijjiirama jiru ilaaluun akka
barbaachisu barreessichi yaada kenna. Dabalataanis
og-barruun Oromoo kun haala qabatamaa amma
uummatichi keessa jiru, aadaasaa wajjiniin bifa
walqabatee jiruun og-barruunsaa uummaticha
murteessuu kan danda’auufi uummatichaan murtaa’uus
akka danda’u kitaabichi ibsa.
Dabalataanis hanga ammaatti og-barruu Oromo
ilaalchisee wanti hojjetamee jiru muraasa
ta’uusaarrayyuu darbee xiinhawaasummaafi aadaa
XIINXALA KITAABA ASAFAA TAFARRAA DIBAABAA-THEORIZING THE PRESENT;
TOWARDS A SOCIOLOGY OF OROMO LITERATURE: JAARSO WAAQO'S POETRY.
BEEKAN GULUMMAA IRRANAAN [email protected]
11
uummatichaa ilaallate kan hojjetamee jiru garuu
muraasa ta’uusaa erga eeree booddee walaloo jaarsoo
qorannoo kana keessatti wanti adda godhu garuu, inni
jalqabaa yeroon itti walaloon kun waraabamee
kaa’ame kun yeroo kufaatii Dargiifi dhimmi uummataafi
siyaasaa itti baay’ee ho’aa turedha. Inni lammataa
immoo Jaarsoon barumsa idilee kan hinqabne garuu,
walaloo hedduu of keessaa burqisiisuun teeppiif
kaassettaan waraabee kaa’uusaati (Ful.13-16)
Kaayyoo Kitaabichaa
Kaayyoo guddaan kitaabicha keessatti mul’ate
qorannoon adeemsifame walaloo Jaarsoo Waaqoo bifa
xiinhawaasummaatiin gadi fageenyaan qaacceessuun,
gooreen geerarsaa adeemsa seenaa inni keessa
darbeefi yoomessa jireenya Oromoo har’aa waliin
ilaaluudha. Kana jechuunis, walalichi uummata har’a
jiru keessatti jijjiirama fiduu danda’uusaa
mirkaneessuufi, haala inni itti gaaffii har’a uummaticha
XIINXALA KITAABA ASAFAA TAFARRAA DIBAABAA-THEORIZING THE PRESENT;
TOWARDS A SOCIOLOGY OF OROMO LITERATURE: JAARSO WAAQO'S POETRY.
BEEKAN GULUMMAA IRRANAAN [email protected]
12
keessa jirutti deebii kennuu danda’uusaa ittiin ilaaluuf
(Ful.18).
Og-barruu xiinhawaasaatiin qo’achuuf walaloon Jaarsoo
sababni inni filatameef wantoonni gurguddaan lama
kitaabicha keessatti lafa kaa’amaniiru. Isaanis:
Walaloon Jaarsoo kan inni qindaaye, bara 1991
kaasee, kufaatii Dargii duukaa walqabatee yeroo
impaayeera Itoophiyaa keessatti haalli siyaasaafi
hawaasummaa ho’aa ture waantaheef.
Barnoota idilee utuu hinqabaatiin, walaloo hedduu
qopheessee teeppiifi kaassettaan waraabee waan
kaa’eefi yoomessa kana fakkaatu keessatti walaloon
qophaa’uu qabiyyeensaa salphaa waan hintaaneef,
qalbiinsaa hawwatamee, qo’aachuuf si’aa’uusaa
barreessaan ibseera (Ful. 16).
Mala Qo’annaa Kitaabichaa
XIINXALA KITAABA ASAFAA TAFARRAA DIBAABAA-THEORIZING THE PRESENT;
TOWARDS A SOCIOLOGY OF OROMO LITERATURE: JAARSO WAAQO'S POETRY.
BEEKAN GULUMMAA IRRANAAN [email protected]
13
Barreessichi walaloo Jaarsoo Waaqoo mala qo’annoo
ibsaafi qaaccessaa gargaaramuun qindeesseera. Kana
jechuun walaloo teeppiin waraabame kana
barreessuun, jijjiiruufi qaaccessuun ture. Dabalataanis,
Guraandhala 2002 yeroo dhimma qo’annoo kanaaf
Boorana naannoo (libaniifi Dirree) turetti afgaaffii
firoota Jaarsoofi hiriyoota isaa waliin adeemsiseen
hojicha jabeessee jojjeteera.
Uummanni Booranaa jiraatan sababa yookiin kaayyoo
maaliitiif Asafaan qorannoo kana akka geggeessu
baruun isaanirra ture. Kunis immoo waa’ee seenaa
Jaarsoo Waaqoo ijoollummaasaatii ka’anii kan beekan
odeeffannoo laachuufi kan isaan danda’an yoo isa
hubatan ta’uusaati. Haalli kun immoo waayita qorannaa
sanatti qoraticha xiqqoo kan rakkisan turan.
Asafaan walaloo Jaarsoo waaqoo kan inni walitti
qabachuu jalqabe bara 1998 eegalee yeroo kolleejjii
XIINXALA KITAABA ASAFAA TAFARRAA DIBAABAA-THEORIZING THE PRESENT;
TOWARDS A SOCIOLOGY OF OROMO LITERATURE: JAARSO WAAQO'S POETRY.
BEEKAN GULUMMAA IRRANAAN [email protected]
14
barsiisota Jimmaa turetti FSG-II fi FSGIV of harka
galfateera. Dabalataanis barattoonni Asafaa kanneen
Boorana irraa dhufan deggarsa godhaniiru. Kan hafe
FSG I fi FSG III garuu, Guraandhala 2002, yeroo
Boorana Dhimma qo’annoo kanaaf deeme argateera.
Adeemsa kanaan kan walqabatan, barruuleen isaan
dura kanneen akka Shongollo, 1996 fi Schleefi
Shongollo 1992 hojii qo’atichaa keessatti hedduu isa
gargaaraniiru.
Kutaa qorannichaa keessattis qorannichi Boraana
keessatti nama dhuunfaa tokkorratrti kan geggeeffame
yoo fakkaateyyuu dhimma seenaa hawaasummaa
uummata bal’aa Oromoo ilaaluuf kan yaaledha. “ …to
explore if, as already noted, the socio economic,
historical and political problems the poet communicates
in his poetry correspond with the life of the Oromo at
large, and not just the Boran, is the target of the
study”(Ful. 20) jedha.
XIINXALA KITAABA ASAFAA TAFARRAA DIBAABAA-THEORIZING THE PRESENT;
TOWARDS A SOCIOLOGY OF OROMO LITERATURE: JAARSO WAAQO'S POETRY.
BEEKAN GULUMMAA IRRANAAN [email protected]
15
Kalabuufi Jijjiiruu
Walaloo jaarsoo Waaqoo bifa kaassettiin waraabamee
taa’ee, gara barreeffamaatti fiduun rakkoo
barreessicha mudate akka ta’e ibsameera. Maddi
rakkoo kanaa inni guddaanis garaagarummaa loogaa
akka ta’e haala xiinsaga, dhaamsaga, xiindhaamsaga,
akkaataa jechootaafi hiikkoosaanii akka ta’e
barreessichi addeesseera. Kana malees haala
yoomessa walaloo kanaa qindeessuunifi walduraa
duubaan kaa’uun baay’ee rakkisaa ture.
Looga uummata Booranaa keessa jiru al tokkotti
hubachuun rakkisaa ta’us, looga maccaa keessaa kan
bahe, barreessaan, looga booranaa hubachuuf kan
hinrakkanne ta’uusaa ibseera. Amma hiikasaanii
eeguufis walaloo Jaarsoo jecha jechaan hiikuun
jijjiiruun danda’ameera. Walaloon kun afaaniin waan
qophaa’eefis mata duree itti kennuun kan baay’ee
XIINXALA KITAABA ASAFAA TAFARRAA DIBAABAA-THEORIZING THE PRESENT;
TOWARDS A SOCIOLOGY OF OROMO LITERATURE: JAARSO WAAQO'S POETRY.
BEEKAN GULUMMAA IRRANAAN [email protected]
16
rakkisu ture. Kanaafuu, walaloo kana mata duree Finna
San Gama (FSG I-IV) jedhu kennuun yaadasaa walitti
fiduuf danda’e.
Haaluma kanaanis walaloo Jaarsoo Waaqoo kalabuufi
jijjiruu keessatti sagaleessuu rakkina kan qabu
ta’uunsaas rakkina tokko yoo ta’eyyuu, dabalataanis
Afaan Oromoo guutuu biyyichaa keessatti kan
hinwaaltofne waan ta’eefis barreesichi jecha jechaan
hiikuun hojiisaa fiixaan baaseera.
Walon Jaarsoo Waaqoo waa’ee ta’iiwwan seenaa
Oromiyaa darbanii, amma keessa jirruu abdii Oromoo
gara fuulduraatti eeggatu kan ofkeessatti qabachiisuuf
yaaledha. “…the poet refers to past and present
historical events in Oromia and articulates the hopes and
aspirations of the Oromo in the future”. Haaluma
kanaanis walaloon Jaarsoo Waaqoo mata duree tokko
qofaan kangonfame osoo hin taane walitti dhufeenya
XIINXALA KITAABA ASAFAA TAFARRAA DIBAABAA-THEORIZING THE PRESENT;
TOWARDS A SOCIOLOGY OF OROMO LITERATURE: JAARSO WAAQO'S POETRY.
BEEKAN GULUMMAA IRRANAAN [email protected]
17
aangoo Oromoofi Habashoota (Amaarafi Tigree), fincila
Somaalii, Gabraafi Garri kan of keessatti aammatedha.
Dabalataanis waa’een sabbonummaa bal’inaan
keessatti yeroo inni mul’atu argina (Ful.31).
Walaloo Abdullahi Shongolo walaloofi sabboonummaa
(Poetics of nationalism) jedhe cinatti Asafaan
odeeffannoo argateen kaassettota warra hafan akka
ibsetti mata duree Finna San Gama (I-IV) -Beyond
Adversities, kan jedhu itti laateera. Jaarsoonis Yeroo
ibsu (cf FSG I ) keessatti Oromoon finna kamiyyuu
keessatti amala dadhabaa hinagarsiisu jedha “Oromo
never shows a weak character even in the face of
adversities” jedha (ful. 34).
Boqonnaa- Lama
Boqonnaan lammaffaan kitaaba kanaa dayeessa kanaaf
hundee tahaniif qo’annoowwan kana duukaa kan
walfakkaatantu dhiyaatee jira. Dayeessa dhiyaatan
XIINXALA KITAABA ASAFAA TAFARRAA DIBAABAA-THEORIZING THE PRESENT;
TOWARDS A SOCIOLOGY OF OROMO LITERATURE: JAARSO WAAQO'S POETRY.
BEEKAN GULUMMAA IRRANAAN [email protected]
18
kana keessattis og-barruu Oromoo sakatta’uu akka
danda’utti filatamuun. Asafaan ‘Ruth Finnegan
kitaabashee Oral Tradition and Verbal Arts (1992) jedhu
wabeffachuun, dayeessi hojii qorannoo tokkoo
keessatti hagam akka barbaachisuu gaafa ibsu,
eenyuma birattuu akkaataa gaariin akka mul’atuufi hojii
qorannoo tokkoo saffisiisuu akka danda’utu mul’ata.
“…the importance of theoretical assumptions is best
recognized explicitly…the role of theory just to facilitate
the study” haaluma kanaan kitaaba Asafaa kana
keessattis dayeessonni biyyaa keessaafi alaa
sakatta’amuun hojicha milkoomsaniiru.
Dayeessa Kitaabicha Keessaa
Kitaaba Asafaa kana keessatti moodelii aadaaf
hawaasummaa walaloo Jaarsoo Waaqoof mala
qaaccessa xiin-hawaasaa ta’ee bal’inaan itti
fayyadamameera. Haaluma kanaan dayeessi guddina
hawaasummaafi dayeessi waldhabinsaa waliin tahanii
XIINXALA KITAABA ASAFAA TAFARRAA DIBAABAA-THEORIZING THE PRESENT;
TOWARDS A SOCIOLOGY OF OROMO LITERATURE: JAARSO WAAQO'S POETRY.
BEEKAN GULUMMAA IRRANAAN [email protected]
19
qo’annichi haala xiinhawaasaatiin akka qaacceeffamuuf
gargaaraniiru (Ful.45). Dayeessonni armaan olitti
eeraman kun dayeessota biyya alaati. Haata’u malee
qoratichi akkaataa hojiisaa wajjiniin walsimachuu
danda’uufitti dayeessa afoolaa kan biyya keessaa Finna
Oromoo gargaarameera.
Kitaaba qorannoo kanaa kessatti dayeessa waldhabbii
yeroo jedhamu, hawaasni addaddaa waldorgommii
taahitaaf godhaniin yoo waldhaban tahedha. Akka
yaada dayeessa kanaatti, to’atamuu yookaan
dhaabbachuu walitti bu’insaa jechuun, yeroof gareen
inni tokko humna caalee masaanuu isaa gadi qabee
jiraachuusaa kan agarsiisudha. Wanti gara biraan
immoo, dayeessaa guddina hawaasaafi dayeessa
guddina Oromoo finnaadha. Kana duukaa kan
walqabate, ‘normative Approach’ kan jedhamu
guddinni tokko akkamitti argamuu danda’a? (How
XIINXALA KITAABA ASAFAA TAFARRAA DIBAABAA-THEORIZING THE PRESENT;
TOWARDS A SOCIOLOGY OF OROMO LITERATURE: JAARSO WAAQO'S POETRY.
BEEKAN GULUMMAA IRRANAAN [email protected]
20
development ought to take place?) kan jedhu irratti
xiyyeeffata.
Akka yaada kanaatti guddinni fedhii ilmaan namaa
isaan bu’uura ta’an hinguunne, kan walabummaan
ibsannaa yaadaa hineeyyamne guddina sobaati jedha.
Kanaafuu akka dayeessa kanaatti qeeqa jalaa ba’uun
hindanda’amu. Walaloon Jaarsoo Waaqoos qeequma
kana ilaala. Dayeessi finnaa sadarkaalee guddina
Oromoo waliin walqabatee qaaccessa Walaloo FSG
waliin deema. Finna kan jedhu kun hiiknisaa hedduu
ta’uus yoomessa qo’annoo kanaa keessatti, haala
mijaahinaa keessatti hiika jedhu qaba. Gammachuu
1993 eeruun, Asafaan akka jedhu, haalawwan kunis
sadarkaalee guddina hawaasummaati. Isaanis:
guddina, gabbina, baldhina, badhaadha, hormaata,
dagaagafi dagaag-hora (Ful.56).
XIINXALA KITAABA ASAFAA TAFARRAA DIBAABAA-THEORIZING THE PRESENT;
TOWARDS A SOCIOLOGY OF OROMO LITERATURE: JAARSO WAAQO'S POETRY.
BEEKAN GULUMMAA IRRANAAN [email protected]
21
Dayeessa finnaa jedhamu kana keessatti, walitti
hiikkannaan sadarkaalee guddinaa, jijjiirama
waliigalaa hawaasicha keessatti mul’atu agarsiisa.
Jijjiirraan finna Oromoo keessatti raawwatanii kun
hawaasummaa, siyaasa, dinagdeefi, aadaa
Oromoorratti gahee mataasaa waan qabuuf, walaloon
Jaarsoo gara kanatti akka luuccahu godheera. Kanaaf
walaloon isaallee Finna Sana Gama jedhamee kan
dhiyaate. Dayeessi koloneeffannaa qo’annoo kana
keessatti gahee mataasa qaba.
Qo’annoowwan Dhimmicha waliin walfakkaatan
Mata duree kana jalatti qu’annoo qabiyyee walaloo
Jaarsoo waliin kallattiitiin yookaan habalakaan
qu’annoowwan walfakkaatanii dhiyaataniiru. Kana
malees, uummata Oromoo ilaalchisee kanneen Oromoo
beekanis, hinbeeknes waan isaan barreessan
dhiyaateera. Fakkeenyaaf ‘Dassaalenyi Seyum’ kan
XIINXALA KITAABA ASAFAA TAFARRAA DIBAABAA-THEORIZING THE PRESENT;
TOWARDS A SOCIOLOGY OF OROMO LITERATURE: JAARSO WAAQO'S POETRY.
BEEKAN GULUMMAA IRRANAAN [email protected]
22
jedhamu “E cerullis Folk literature of the [Oromo] of
southern Absynia: A Critical Evaluation” jedhee
qaaccessuu yaaleera. Inni biraan Addisuu Tolosaa
1994, walitti dhufeenya geerarsaafi eenyummaa aadaa
Oromoorratti kan xiyyeeffate hojjeteera; isaan biros
nijiru.
Kutaa kana jalatti barreessitoonni habashaa addaddaa
kanneen akka Baahireefi firoota isaa, seenaa, aadaafi,
eenyummaa Oromoo ilaalchisee waan isaan barreessan
ibsameera. Madda odeeffannoo isaanii Habashaa
godhachuun, seenaa Oromoo kan barreessaa turan
keessaa namoonni biyya hambaas akka jiran
ibsameera. Kitaabni kun waa'ee qabsoo Oromoo gama
hedduun kan tuttuquufii miidhagina addaa qabudha!!!