maatii keenya dhukkuba busaa irraa haa ittisnu · 2014. 6. 25. · mana barnoota keessa dhaami. a....

29
1 Maatii Keenya Dhukkuba Busaa Irraa Haa Ittisnu Haala Ittiin Hawaasa Injifatta Ta’uun Dandada’amu QAJEELFAMA DUULAA BARREEFFAMA

Upload: others

Post on 29-Oct-2020

55 views

Category:

Documents


2 download

TRANSCRIPT

Page 1: Maatii Keenya Dhukkuba Busaa Irraa Haa Ittisnu · 2014. 6. 25. · mana barnoota keessa dhaami. a. Fliipchaarti Tarkaanfilee Ittiisa Buusaaf Barbaachisan (TIBB) fayaadamuun tarkaanfiilee

1

Maatii Keenya Dhukkuba Busaa Irraa Haa Ittisnu

Haala Ittiin Hawaasa

Injifatta Ta’uun Dandada’amu

QAJEELFAMA DUULAA

BARREEFFAMA

Page 2: Maatii Keenya Dhukkuba Busaa Irraa Haa Ittisnu · 2014. 6. 25. · mana barnoota keessa dhaami. a. Fliipchaarti Tarkaanfilee Ittiisa Buusaaf Barbaachisan (TIBB) fayaadamuun tarkaanfiilee

2

Qabiyyee

I. Qajeelfama Duula Hawaasaa Injifataa 1 II. Kaayyoo Qajeelfamicha 2 III. Tarkanfiilee Barbaachisoo Ittisa Busaa saddeettan 3 IV. Qorannaa Toofitaa Hawaasa Injifata 4 V. Tarkanfiilee 7 Hawaasa Injifata Ta'uuf

Fudhatamuu Qaban 5 VI. Guca 18

VII. Haala Dhukkuba Busaa Naannoo Oromiyaa:

Gaafilee Yeeroo Hedduun Gaafataman 26

Page 3: Maatii Keenya Dhukkuba Busaa Irraa Haa Ittisnu · 2014. 6. 25. · mana barnoota keessa dhaami. a. Fliipchaarti Tarkaanfilee Ittiisa Buusaaf Barbaachisan (TIBB) fayaadamuun tarkaanfiilee

3

I. Abbootinii fi haawwan, maanguuddoonnii fi Ogeessoonni fayyaa Itiyoophiyaa waggootii dheeeraaf, fayyaa ijoollee isaani fooyyeesuuf akkasuumas, daa'imman dhalattuun milka'uu akka jalqaban taasisuuf fedhii cimaa qaban agarsiisaa turan.

Qajeelfama Duula Hawaasaa Injifataa

Qajeelfamni duula itttiisa dhukkuba busaakun manguddoota, hojjattoota Eksteenshini Fayyaa (HEW) fi ogeessoonni fayyaa waliin Hawaasa Injifataa jeedhamani akka moggaafaman gargaaruuf qoophaayee. Qajeelfamni kun maatiiwwan, tarkaanfii ittiisa dhukkuba busaa akka fudhatan sochoosuuratti xiyyeeffata.

Gandi keessan Hawaasaa Injifataa jedhamee moggaafamuuf, galma maxxanfama mallattoo Ittiisa Busaa argachuuf karoorfamee bira gahuu qaban.

Gandi keessan, akka Hawaasa Injifataa ta'u Koreen Sochii Hawaasa (KSH) keessan ogganuuf, ummata dadamqsuuf akkasuumas sochoosuuf itti gaafatamummaa qaban.

Irra caalaa warri sagantaa hawaasa injifataarra fayyadamu dubartootan ulfaa fi daai’mman waggaa 5 gadi ti, sababiin isaas dhukkuba busaatin irra caalaan waan saaxiilbahanif.

Miseensoonni Koree Soochii Hawaasa meeshaalee barnootaa, odeeffannoo ammayyaa dabarsani fi barumsa akkaataa ittifayyadamiinsa isaa irratti ni-argatu.

Hawaasa Injiifataa jeedhamani mooggaafamuun ulfina guddaa-dha. Miseensoonni koree Sochiisa hawaasaa(KSH) fi gareen hawaasaa, tattaaffi matii ganda isaani dhukkuba busaarra ittiisuuf godhanif waraqaa ragaa ni keennamaaf. II. Kaayyoo Qajeelfama kanaa

Qajeelfamni Kun, koreen sochiisa Hawasaa (KSH) akka qajeelchani-fi Hawaasaa injifataa Jeedhamani akka moggaafaman gargaaruuf tarkaanfilee sadarkaa Sadarkaadhan qoophaa’e.

Page 4: Maatii Keenya Dhukkuba Busaa Irraa Haa Ittisnu · 2014. 6. 25. · mana barnoota keessa dhaami. a. Fliipchaarti Tarkaanfilee Ittiisa Buusaaf Barbaachisan (TIBB) fayaadamuun tarkaanfiilee

4

III. Tarkaanfiilee Ittiisa Busaaf Barbaachisan

Saddeettan

1. Miseensonni maatii hunda saaphana siree farra bokee busaa

hundinuu halkan

cuuphamee jala rafuu qabu. Kana godhuun, gocha salpha maatii keessan busaarra ittisuuf gootan.

2. Dubartoonni ulfaa fi daa'imman

waggaa 5 gadii ta'an, irra-caalaatti dhukkuba Busaaaf wann-saaxiil-bahaniif saaphana siree jala rafuuf dursii kennamuufi qaba.

3. Maatiin

qabaatan, hatattamaan gara buufata keessan yoo hurguffi (leeydaa)

fayya dhagahamuu, battaluumatti gara dhaabbata fayyatti geessaa.

Yeroo dhaan yaalamuun, dhukkuubni

Busaa akka irra caalaan hinham - maannee godha.

4. Qoricha dhukkuba busaa

, ogeessa fayyaatiin isini ajajamee hunda fudhadhaa.

Page 5: Maatii Keenya Dhukkuba Busaa Irraa Haa Ittisnu · 2014. 6. 25. · mana barnoota keessa dhaami. a. Fliipchaarti Tarkaanfilee Ittiisa Buusaaf Barbaachisan (TIBB) fayaadamuun tarkaanfiilee

5

5. Qoricha busaa ogeessa

fayyaatin isini ajajame irraa qooddanii nama biraaf hinkenninaa, gidduutttis qoricha fudhachuu hindhiisinaa. Kana gochuun dhukkuubni akka isinitti hindeebinee isini gargaara.

6. Saaphana siree

, ji'a 3 - 4 keessatti yeeroo tokko saamuunaa huchuutiin miicaatii, gaaddiisa jalatti fannisaa ykn afaa. Kana godhuun keemikaalli farra bokee busaa saaphanarra jiruu akka hojatu taassisa.

7. Namoota keemikala

farra bookee busaa bifuuf yeroo hawaasa keessan dhufan gargaaraa.

8. Goda mana keessanii kan

keemikaalli farra bookee busaa bifamee kunis keemikalli buufame sirritti akka hojjatu gargaara booda, keemikaalchi dhaabaa manaarra yeroo dheeraaf akka turuf hanga ji’a jahaatti, dhooqee dibuu yookan waraqaa irratti maxxansuu irraa ofi qusadhuun.

Page 6: Maatii Keenya Dhukkuba Busaa Irraa Haa Ittisnu · 2014. 6. 25. · mana barnoota keessa dhaami. a. Fliipchaarti Tarkaanfilee Ittiisa Buusaaf Barbaachisan (TIBB) fayaadamuun tarkaanfiilee

6

IV.

Qoranna Tooftaa Hawaasa Injifataa

Qoranna Tooftaa Hawaasa Injifataa

Sadarkaa Salpha Torban Kana faana-bu’aati hawaasa injifataa tahaa

1. Koree Sochiisa Hawaasaa (KSH) dhaabuudhaan Woorkshooppii

irratti akka hirmaataan godhaa. 2. Walgahii Hawaasa Jalqabaa gurmeessaa/ gaggeessa.

3. Karoora qabatamaa Maxxanfama Mallattoo Ittiisa Busaa badhaasuun danda'amuratti karoorfadha.

4. Karoora keessan xinxaluudhaan, duula raawwii Jalqabaa.

5. Adeemsa raawwii karoora ganda keessanii galma bira gahuuf

kalattii sirriirra jirachuu isaa hordofaa. 6. Galmi bakka gahuu isaa mirkaneessaa. 7. Milkaa'ina keessaan ayyaaneeffadhaa.

Page 7: Maatii Keenya Dhukkuba Busaa Irraa Haa Ittisnu · 2014. 6. 25. · mana barnoota keessa dhaami. a. Fliipchaarti Tarkaanfilee Ittiisa Buusaaf Barbaachisan (TIBB) fayaadamuun tarkaanfiilee

7

V.

Tarkaanfilee Torban Hawaasa Injifataa Ta'uuf Fudhatamuu Qaban

1. Koree Sochiisa Hawaasaa (KSH) hundeessuu fi woorkshooppii Irratti Hirmaachuu

• Namoota miseensa KSH ta'uuf fedhii Qaban 15 filadhu

KSH Hundeessuu:

• Namoota miseensa KSH ta'uuf feedhii qaban Kana Keessa Yoo xiqqaatee walakkaan isaani dubartoota ta'u qabu.

• Sochii fayyaa hawaasaa babal' isuuf fedhii q abaachuu

Ulaagalee Miseensa KSH ta' uuf barbaachisan

• Hawaasaa biratti Kabajaa fi fudhatama kan qaban.

• Raawwii KSH irratti gargaarsa kennuuf kan fedhii qaban

• Dura ta'aa gandaa

Fedhiin Hirmaattoota KSH barbaachisaa ta'an

• Hogganaa bufata fayyaa, fi hojjattoota eksiteenshini fayyaa (HEF) • Itti gaafatamaa mana barumsaa ykn barsiisaa. • Hoggantoota garee hawaasaa, fakkeenyaaf- waldaa hojii gamtaa qonnaa,

waldaa dubartootaa, abbootii amantii

Miseensota koree soochiisa HawaasaGanda _______________________

uunkaa - 1

Guyyaa _______________________ Aanaa_________________________ Maqaa Miseensotaa Ge'ee Hawaasaa

keessatti qaban (Barsiisa, abbaa amantii)

Ge'ee koree keessatti qaban (Durataa’aa,barreessaa)

1 2 3 4 5 6

Page 8: Maatii Keenya Dhukkuba Busaa Irraa Haa Ittisnu · 2014. 6. 25. · mana barnoota keessa dhaami. a. Fliipchaarti Tarkaanfilee Ittiisa Buusaaf Barbaachisan (TIBB) fayaadamuun tarkaanfiilee

8

2. Walgahii Jalqabaa gandatti geggeessuu

Walgahii Jalqabbi Hawaasa

1. Guyyaa fi sa’aatii walgahii hoggantootaa Aanaa waliin karoorfadhu.

2. Namoota Hawaasa keessatti argaman

mara yeroo fi bakka walgahii akka beekan godhuu

3. Namootni 50-60 walgahii irratti argamu

qabu

4. Yoo barbaachisaa ta'e namoota mara bakkaan gahuuf walgdhii lama iddoo lamatti qopheesaa.

5. Walgahii kanaan namoota baay’ee bira

gahuun sagantaa jalqabbii milkeessuu kan danda’u ta’uu isaa muuxannoo irraa hubatamee jira

6. Walgahiin kun sa'aatii 2 caalaa turu hin qabu

AJANDAA WALGAHII: Ajandaa: Jalqaba walgahii hawaasa Injifataa

Yeroo Ajandaa walgahii Qinddeessitoota Maqaa namoota haasaa

dhiyeesaan wajjin 2:30 Hiirmattootaan baga nagaan dhuftan jechuu 3:00 Saaqumsa -

• Oggantoonni haasawa daqiiqaa 3-5 ni taasisu. • Haala mijeessitooni aanaa haala dhukuba busaa

ganda sanaa ilaalehisee haasawa gabaabaa ni taasisu.

3:15 Tarkaanfiilee Ittiisa Busaaf Barbaachisanii fi maxxanfama mallattoo Ittiisa Busaa ilaalchisee ibsi ni kennama.

3:30 Akkataa adeemsa hawaasa Injifataa irratti ibsi ni kennama.

3:45 Fedhiin hirmaattoonni KSH daawwanaa manaa raawwatan wajjin walbaru

4:00 Gareewwan hawaasaa marti akka duula kanarratti hirmaatan waamicha dabarsu

4:15 Karoora gandaa ibsuu 4:30 Xumuura -

Oggantoonni aanaa miseensoonni hawaasaa, akka Hawwaasaa Injifataa ta'ani ni jajjabeessu

Page 9: Maatii Keenya Dhukkuba Busaa Irraa Haa Ittisnu · 2014. 6. 25. · mana barnoota keessa dhaami. a. Fliipchaarti Tarkaanfilee Ittiisa Buusaaf Barbaachisan (TIBB) fayaadamuun tarkaanfiilee

9

3. Galma Gandaa kan Mallattoo Ittisa Busaa Badhaasuun Danda'amuu Karoorfachuu

Galma Haala qabatamaa Bu'uureefatee Qopheessuu:

• Galma karoorfachuun dura KSHn qabxiiwwan kanneen armaan gadiitti ibsaman beeku qaba.

• Ganda keessaa tilmaamaan maatii meeqatu saaphana siree qabu?

Hub: KSHn maatiin hagamii saaphana siree akka qaban yoo kan hin beekne ta’e walgahii jalqabbii irratti warra saaphana siree qabani fi hinqabne gaafchuudhaan beekuu qaba.

• Ji'oota sadeen dhufan keessa saaphana siree raabsuuf kaarooramu isaa.

Hub: Karoorri haala jireenya saaphana siree amma ganda keessa jiru walakkaa oli ta'u

hinqabu. Fakkeenyaaf, KSH ganda keessa maatiin 400 saaphana siree qabaachu isaani yoo beeke, karoorri maxxanfama malllatoo Ittisa Busaa 200 ol ta'u hinqabu. Of eeganno

: Gandi, jalqabarratti garmalee guddisee akki itti qoopheesu jiraa Gandi galma jalqaba bira geenyaan, duula itti anuuf, guuddisee karoorfachuu ni danda'a.

Guca 2: Guca Galmi gandaa ittiin Karoorfamu

Aanaa_____________________ Guyyaa_______________ Ganda______________________ Qajeelfama:

• Maqaa fi karoora garee hawaasa tokkon tokkon isaa bakka duwwaarratti guuti.

• Karoorri marti qabatamaa ta’uusaa mirkaneessaa.

Maqaa garee hawaasaa Maqaa dursaa garee

Karoora Kan

karoorfame Kan

raawwatame 1 2 Karoora Dimshaashaa gareewwan haawaasaa

Maqaa miseensa KHS Kan karoorfame

Kan raawwatame

1 2 Karoora Dimshaashaa feedhiin hiirmaattota Karoora ganda keenyaa

Page 10: Maatii Keenya Dhukkuba Busaa Irraa Haa Ittisnu · 2014. 6. 25. · mana barnoota keessa dhaami. a. Fliipchaarti Tarkaanfilee Ittiisa Buusaaf Barbaachisan (TIBB) fayaadamuun tarkaanfiilee

10

4.

Karoora Raawwii gamaagamuun , Duula Ittiisa Busaa Jalqabaa

• Karoora raawwii workshooppii irratti KSHn qopha’ee xinxalii (Foormii 3. Karoora raawwannaa duulaa ilaalii) Saganta fi galmi haala ganda keessan wajjin walsimsuuf wanta barbaachisaa ta'ee foyyeessa.

• Yaadadhuu: KSHn keessan duula adeemsisuu fi galma bakkaan gahuuf

ji'oota 3 qaba. • Gandooleen tokko tokkoon isaani galma bakkaan gahuu akka danda'aniif,

Dursaa Garee Aanaa akka hordoofuu fi gargauruu ni ramadama.

Foormii 3: Karoora raawwii duula ittisa busaa Aanaa_________________Ganda______________Guyyaa____________

Marsaa Baay’ina

torbani

Xiyyeeffannoo Guyyaa hojiin itti jalqabamu

I

Jalqaba

2

• Dursa walgahil Hawaassaa jalqaba adeemisu • Garoolee fi feedhiin hirmmaatoota workshooppii irratti

argamuu hinaandee nyeef mari leenjii guurmeessi • Maneen saaphana siree akka argatan muurteefame, marti

saaphanaan fayyadamu. • Feedhin hirmaatoonni KSH daaw'i manaa-manna jalqabu. • Dhiyeessaan garee nijalqabaa

II

Babai'isu

8

• Maatiileen skoorkaardi argatani, TBIB raawwachuu jalqabu. • Duubartoonni ulfaafi daa'immtooni waggaa 5 gadi ta'an

saaphana siree keessa rafu jalqabu. • Mallattoon Ittisa Busaa isa Jalqabaa nibadhaafama. • Maatileen Mallatto Ittiisa Buusaa badhaafaman, Maatii biro

dada maqsu jalqabu. • Gareewwan raadiyoo dhaggeefatan nibaay'atu. Hoordooffin

KSHn. yeroora yerootti guuddachaa deemaa.

III xumuuruu

2 • KSHn adeemsa galma gandaa hodofu • Tarkaanfii baniinsa sagantaa guutuuf fuudhatamu

Yeroo Dabalata

• Gandi keessan, maatiin dabalataa mallattoo Ittisa Buusaa akka badhaafaman goodhuuf yeroo duula dheereessuun nibarbaadau ta'aa

Guyyaa xumuuraa

Page 11: Maatii Keenya Dhukkuba Busaa Irraa Haa Ittisnu · 2014. 6. 25. · mana barnoota keessa dhaami. a. Fliipchaarti Tarkaanfilee Ittiisa Buusaaf Barbaachisan (TIBB) fayaadamuun tarkaanfiilee

11

KSHn Ganda Keessan wantoota armaan gadii Sadan Fixaan Baasaa:

Duula Ittiisa Busaa jalqabaa

I. Daawwanna mana manatti Adeemsisuu II. Marii Garee Adeemsisuu III. Mana Barnootaa Hirmaachisuu (haammachuu)

Gorsa Akkaataa Raawwii sadeen Fixaan bahan:

• Walgahii garee hawaasa guurmaa’ani toorbaaniin ykn ji'aan adeemsifaman hordofaa. Feedhiin hirmaattoonni KSH miseensoonni garee kanaa Mallattoo Ittiisa Busaa badhaafamu akka dandahan gargaaruuf carraa baay'ee argatu.

• Raawwii Ganda Injifataa, haala barumsa mana barnoota keessa seensisuuf ykn sagantaa idle ibarunsa booda kennamuun keessa galchuuf tattaafadhaa.

Woorkshooppii irratti fedhiin

hirmattoonni KSH meeshaa baruumsa

ni fuudhatu. Kaardii Madaallii Ittiisa

Busaa fi Filiipchaartii Tarkaaniffii

Ittiisa Busaaf barbaachisan (TIBB)

Meeshoolee Kanaas qafxiilee sadan

hojjirra oolchuuf isin gargaara.

Page 12: Maatii Keenya Dhukkuba Busaa Irraa Haa Ittisnu · 2014. 6. 25. · mana barnoota keessa dhaami. a. Fliipchaarti Tarkaanfilee Ittiisa Buusaaf Barbaachisan (TIBB) fayaadamuun tarkaanfiilee

12

I. Daawwanna manaa manatti Adeemsisuu

Daawwanaa Manaa

a. Maatii nagaa erga gaafattee booda, feedhiin kooree soochoosa Hawaasaa keessatti hiirmaachaa akka jirtu, gandi dhukkuba busaa akka of irraa ittiisuu gargaaraa jiraachuu kee, akkasuumas, leenjii fudhachuu kee itti himi.

Daawwanna Duraa

b. Matiin Mallatto Itiisa Busaa badhaafamuu

yoo barbaade argachuu akka danda’an ibsii. c. Maatiin maxxanfama mallatto Ittiisa Busaa

yoo kan barbaaduu ta'e kaardii madaallii ittisa Buusaa keenniti fi akkamitti akka itti tajaajilaman ibsiif.

d. Maatii saaphara siree osoo qabuu, kan itti hin

fayyadamne yoo ta’e akkamitti akka itti fayadaman itti agarsiisi.

e. Maatiin, baacoo fi diraamaa raadiyoodhaan

darbu akka dhaggeefatan, gareen yaada akka wal jijjiiruu jajabeessi

.

f. Daawwannaa itti aanuuf yoo maatiin ulaagaa kardii madaallii ittisa busaa irra jiru guute maxxanfama mallattoo ittisa busaa argachuu akka danda'u ibsiif.

a. Maatii nagaa erga gaafatte booda, yeroo gabaabaa akka siif Kennan fi yeroo isaaniitiff dhiifama gaafadhuu.

Daawwanna lammaffaa

b. Maatii waliin kaardii Madaallii Ittiisa busaa

irratti marii gaggeessi. c. Ulaagaalee 4 Mallatto Ittiisa Busaa

badhaafamuu dandeessisan raawwachuu isaani gaafadhu.

d. Deebiin isaanii “eeyyen” Yoo ta'e, kaardii

Madaallii Ittiisa Busaa irratti mallatteessi. Milkaa'ina maatii mirkakaneessuuf miseensii KSH mallatteessuu qaba.

e. Maatiin saaphana siree keessa rafuu irratti

yoo Kan rakkatan ta'e, rakkiina kana akka furan gargaarsa keenni.

f. Yoo barbaachisee daawwanna sadaffaaf

sagantaa qabadhu Yaadadhuu: Fliipchaartii TBIB, daawwanna manaa manaa irratti gargaaramuun ni dandahamaa

Daawwanna Mana jireenya: Fakkeenyaaf adeemsa feedhiin hirmaattoonni KSH yemmuu mana jireenya daawwatan hordofuu qaban:

Page 13: Maatii Keenya Dhukkuba Busaa Irraa Haa Ittisnu · 2014. 6. 25. · mana barnoota keessa dhaami. a. Fliipchaarti Tarkaanfilee Ittiisa Buusaaf Barbaachisan (TIBB) fayaadamuun tarkaanfiilee

13

1. Kaardii Madaallii Ittisa Busaa

2. Maxxanfama Mallattoo Ittiisa Busaa

Maatiin Maxxanfama Mallattoo Ittiisa Busaa badhaafamuuf gaaffiiwwan armaan gadiif, deebi

Ulaagaalee Maxxanfama Mallattoo Ittiisa Busaa badhaafamuuf guutamuu qaban.

“Eeyyen”

jedhuun deebisuu qabu:

• Ji’a/baatii darbe keessatti maatin keessan haadholii ulfaa fi daa’imman umriin isaanii waggaa 5 gadi ta’eef dursa kennuudhaan yeroo hundaa galgala-galgala haguuggi keemikaala farra bookee busaa dahatanii rafaniiruu?

• Maatii keesan kessaa nam-tokkoratti hurgufuun

(kirkirsiisun) mul’ate daddafiidhan gara buufata fayyaa ni geessituu?

• Qoricha busaa isiniif kenname guutummaa guututti

liqimsitanii fudhattuu, yoo dhukkubni isinitti fooyya’ellee?

• Namoota qoricha farra busaa manaa-manarra deemuudhaan biifu yeroo

hawwasaa kessan dhufan nigargaartu?

Page 14: Maatii Keenya Dhukkuba Busaa Irraa Haa Ittisnu · 2014. 6. 25. · mana barnoota keessa dhaami. a. Fliipchaarti Tarkaanfilee Ittiisa Buusaaf Barbaachisan (TIBB) fayaadamuun tarkaanfiilee

14

II. Marii Garee Adeemisu Hawaasni gandaa marti marii garee haawaasaarratti

dammaqinaan hirmaachuu qaba.

Miiseensoota garee hawaasaa Maxxanfama Mallattoo Ittiisa Busaa akka badhafaman gargaaru qabda.

Hubadhu: Gareen hawaasa, manneen barnoota fi buufataaleen fayyaa, matii waa’ee ittiisa busaa barsiisuu irratti qooda fudhachuu qabu.

Yeroo walgahii garee fliipchaartii TIBBn fayyadami.

Adeemsa Walgalii Garee

Walgalii 1a. Fedhiin hirmaatoota miseensa KSH ta'uudhaan

gandi kee busaa akka of irraa ittiisuu gargaaraa akka jirtuu fi leenjii fuudhachuu kee ibsi.

ffaa

b. Miseensoonni garee akkamitti Mallatoo Ittiisa Busaa akka badhaafamu danda’an ibsi

c. Filiipchaartii TIBBti fayyadamuun marii tarkanfiilee ittisa busaaf barbaachisan saddeettan irratti gaggeesi.

d. Miseensooni Maxxanfama Mallatto Ittiisa Buusaa badhaafamu yoo kan barbaadan to'e, Kaardii Madaallii Ittisa Busaa keennifi, akkamitti akka ittiin fayyadaman ibsiif.

e. Maatiin saaphana siree qabaatee fannisuuf

gargaarsa barbaadu yoo jiraate gaafadhu. f. Miseensoota gareef waa’ee soochii biroo,

fakkeenyaaf, baacoo fi diraamaa raadiyoon dhaggeefachuu, daawwanna manaa manatti fi mana barnoota keessa dhaami.

a. Fliipchaarti Tarkaanfilee Ittiisa Buusaaf Barbaachisan (TIBB) fayaadamuun tarkaanfiilee muurteessaa ta'an cimsi.

Walgalii 2ffaa

b. Miseesoonni garee, bu'aa mal akka argachaa

jirani fi rakkoo isaan qunname akka ibsan gaafadhu

c. Kaardii Madaallii Ittiisa Busaa miseensa

tokkon tokkoonii qoraadhu. d. Miseensoota keessa kan rakkoo qaban yoo

jiraatan, rakkoo isaani akka furatan gargaaruuf daawwanna manaaf beellama qabadhuu.

e. Walgahii irratti ulaagalee yoo guutan mana

isaanii daawwattee Maxxanfama Mallattoo Ittiisa Busaa akka badhaafamuu danda'an ibsi.

Page 15: Maatii Keenya Dhukkuba Busaa Irraa Haa Ittisnu · 2014. 6. 25. · mana barnoota keessa dhaami. a. Fliipchaarti Tarkaanfilee Ittiisa Buusaaf Barbaachisan (TIBB) fayaadamuun tarkaanfiilee

15

Adeemsa Walgalii Garee

Walgahii Garee 3ffaa

a. Eenyuu ulaagaalee jedhame guatee

Maxxanfama Mallattoo Ittiisa Busaa

argachuun qaba jeedhe akka yaadu

gaafadhu.

b. Garee kanneen wajjin, sagantaa daawwanna

manaa qopheessi.

c. Miseensoota garee keessa kanneen rakkoo

qaban yoo jiraatan, furmaata akka argatan

gargaarsa keennif. Maxxanfama Mallatto

Ittiisa Busaa argachuuf akka carraqan

jajjabeessi.

Daawwanna Manaa Adeemsisi

a. Yaadhadhu: Mana isaani osoo hin daawwatin,

saaphana siree sirritti fayyadamaa jiraachu

isaani oso hin mirkaneessin Maxxanfama

Mallattoo Ittiisa Buusa akka badhaafaman

mirkaneessu hindandeessu.

b. Kaardii Madaallii Ittiisa Busaa (score card) maatii

waliin irra deebi'uun erga qoorattani booda,

ulaagaalee Maxxanfama Mallattoo Ittiisa Busaa

argamsisan 4 guuttachuu isaani gaafadhu.

Deebin isaani "Eeyyen" yoo ta'e, maatiin

kaardii Madaallii Ittiisa busaa irratti akka

mallatteessan godhi. Atis kaardii irratti

mallateessu qabda.

c. Deebiin isaanI “Miti" yoo ta'e, Fliipchaartii

Tarkaanfilee Ittiisa Busaaf Barbaachisanitti

fayyadamiitii wantoota maatiin hin bekne ibsi.

Daawwanna itti aanuuf beellama qabaadhu.

Yaadadhu: Maatiin marti Maxxanfama

Mallatto Ittiisa Busaa Badhaafaman,

maatii Kan biraa sadi, Mallattoo kana

akka badhaafaman akka gorsanii ft

kakkaasuu qaban itti himi.Dandeetiin

guddan hawaasa Injifataa maatiin

hiriyoonni fi olaanis akka injifannaa

akkanaa argatu gochuudha.

Page 16: Maatii Keenya Dhukkuba Busaa Irraa Haa Ittisnu · 2014. 6. 25. · mana barnoota keessa dhaami. a. Fliipchaarti Tarkaanfilee Ittiisa Buusaaf Barbaachisan (TIBB) fayaadamuun tarkaanfiilee

16

II. Mana Barnootaa Hirmaachisuu

Manneen Barnootaa karoora Ganda Injiifata Keessatti hirmaachisuu

Koree Sochoosa Hawaasaa ummata keessatti Koreen Gamtaa Maatii Barsiisotaa(PTA), Itti

gaafatamaan manabarumsaa/barsiisan ciminaan hirmaachaa jiraachuu isaanii mirkaneeffadhu

Leenjiin koree soochoosa Hawaasaa erga keennamee booda, bulchisni mana barumsaa

karoora gandi Injifataan baase akkamitti hojii baruu fi barsiisuu waliin qindaa’ee deemuu akka

danda’u mari’achuu qaba.

Koreen Gamtaa Maatii Barsiisotaa (PTA), barsiisotaa fi baratoota waliin ta’uun hojii kana ni

gamaagamu.

Manneen barnootaa bu'aa gaarii argamsiisan barattoonni mana barumsichaa akka maatii fi

ollan Maxxanfama Mallattoo Ittisa Busaa fudhatan ni gargaaru.

KSHn fayyadamiinsa saaphana siree fi biifaa keemikala farra bokee busaa babal’isuuf

barattoonni hojii kanarratti gargaarsa addaa akka taasisan haala mijeessuu.

5. Addeemsa Ganda Keessanii gamaagamaa

Page 17: Maatii Keenya Dhukkuba Busaa Irraa Haa Ittisnu · 2014. 6. 25. · mana barnoota keessa dhaami. a. Fliipchaarti Tarkaanfilee Ittiisa Buusaaf Barbaachisan (TIBB) fayaadamuun tarkaanfiilee

17

• KSHn feedhiin hirmaattoonni fi gareen hawaasaa Marti galma bira gahuuf

hoojjachaa jiraachuu isaani mirkaneessu qaba.

• Dursaan Garee Aanaa (DGA) ji'a ji'aan KSH waliin wal arguun jijjirama jiru ni

qorata.

• Waliin ta’uun Guca hordooffii ni guutu. Akkasuumas muuxannoo gaarii waljijjiiru,

rakkoolee mudataniif fuurmaata waliin barbaadu.

• Karoora KSH irratti wanti jijjiramu yoo jiraate murtii kennu.

• KSHn haala adeemsa hojii karoora Hawaasa Injifataa ilaalchisee garee

hawaasatiif yaada kenna.

6. Karoorri gandaa galma gahuusaa mirkaneessi

• Duula ji’a 3n booda maatiin irra caalu karoora isaa galmaan gahee jira. Yoo tarii

gandi galma bira hin gahiin jiraate, Dursaan Garee Aanaa (DGA) fi KSH duula

addaa qopheessun galma karoorfame bira gahuuf carraqu

• Karoorri akka jedhametti yoo galma gahe, KSHn, Dursaan Garee Aanaa gandi

isaanii Ganda Injifataa ta’uusaa akka mirkaneessuf ni gaafata.

7. Milka'ina Ayyaaneeffachu

• Kana booda addemsi jiru milkaa’ina ayyaneffachuudha.Nama kamittuu hawaasni kee

hojii boonsaa hojjachuusaa, kunis maatiisaa dhukkuba busaarraa ittisuuuf tarkaanfii

fudhachuu isaanii itti himi.

• Keessummota adda addaa afeeri. Namni kamiyyuu gandi kee ganda Hawaasa Injifataa ta’uusaa akka beekan taasisi.

Page 18: Maatii Keenya Dhukkuba Busaa Irraa Haa Ittisnu · 2014. 6. 25. · mana barnoota keessa dhaami. a. Fliipchaarti Tarkaanfilee Ittiisa Buusaaf Barbaachisan (TIBB) fayaadamuun tarkaanfiilee

18

Guca 1: Haalaa Mijesitoota Koree Soochoosa Hawaasaa

Ganda_______________________ Guyyaa _______________________

Haalaa Mijesitoota Koree Soochoosa Hawaasaa

Aanaa_________________________

Maqaa

Gahee hawaasa keessatti qabu. (Barsiisaa, abbaa amantii, HEWs.

Ga'ee koree keessattiqabu / qabdu. (Dura

taa’aa, barreessaa)

1

2

3

4

5

6

7

8

9

10

11

12

13

14

15

Page 19: Maatii Keenya Dhukkuba Busaa Irraa Haa Ittisnu · 2014. 6. 25. · mana barnoota keessa dhaami. a. Fliipchaarti Tarkaanfilee Ittiisa Buusaaf Barbaachisan (TIBB) fayaadamuun tarkaanfiilee

19

Guca 2: Guca Galmi Gandaa Ittiin Karoorfamu Aanaa_____________________________ Guyyaa____________

Ganda______________________________ Qajeelfama

• Maqaa fi karoora garee hawaasaa fi haala mijeesitoota KSH guuti.

• Karoorri marti qabatamaa ta'uu isaa irratti mari'adhaa

Maqaa garee hawaasaa

Maqaa dursitoota garee

Karoora

Kan karoorfame

Kan raawwatame

1

2

3

4

5

Karoora Dimshaashaa garee haawaasaa

Maqaa Haala Mijeesitoota KSH Kan

karoorfame

Kan

raawwatame

1

2

3

4

5

6

7

Karoora Dimshaashaa Haala Mijeesitoota KSH

Galma ganda keenyaa

Page 20: Maatii Keenya Dhukkuba Busaa Irraa Haa Ittisnu · 2014. 6. 25. · mana barnoota keessa dhaami. a. Fliipchaarti Tarkaanfilee Ittiisa Buusaaf Barbaachisan (TIBB) fayaadamuun tarkaanfiilee

20

Guca 3. Karoora Raawwii Duulaa Aanaa ________________________ Ganda ________________ Guyyaa_______

Duula Yeroo Xiyyeeffannaa

I

Jalqaba

Torbaan

2

Walgahii Hawaassaa jalqaba adeemisu

Garee fi haala mijeesitoota workshooppii irratti

argamuu hindaandeenyeef leenjii qopheessuu

Manneen maxxanfama mallattoo Ittisa Busaa akka

argatan karoorfama marti saaphana siree ni fannifatu.

Haala mijeesitoonni KSH daawwannaa manaa ni

jalqabu.

Mariin garee ni jalqabama.

II

Babali'isu

8 Maatiin Kaardii madaallii ittisa busaa argatani, TIBB

raawwachuu ni jalqabu.

Dubartoonni ulfaa fi daa'imman waggaa 5 gadi

saaphana siree keessa rafu jalqabu.

Maxxanfamani Mallattoo Ittisa Busaa inni Jalqabaa ni

badhaafama.

Maatiin Maxxanfama Mallattoo Ittiisa Busaa

badhaafaman, Maatii biroo dadamaqsu ni jalqabu.

Gareewwan hawaasaa raadiyoo dhaggeefatan

nibaay'atu.

KSHn hoordooffin yeroo yeroon ni adeemsisa.

III 2 KSHn adeemsa galma gandaa ni hordofa

Hanqina jiru guutuuf tarkaanfii xumuraa ni fudhatama.

yeroo

Dabalata

Gandi kessan, maatiin dabalataa maxxanfama

mallattoo Ittisa Busaa akka badhaafaman goochuuf

yeroo duula dheereessuu ni barbaada ta'a. Kanaafuu,

meeshaalee dabalataa fi deegarsa barbaachisu

argachuu akka dandeessani dursaa garee aanaa waliin

walqunnamtii taasisaa.

Page 21: Maatii Keenya Dhukkuba Busaa Irraa Haa Ittisnu · 2014. 6. 25. · mana barnoota keessa dhaami. a. Fliipchaarti Tarkaanfilee Ittiisa Buusaaf Barbaachisan (TIBB) fayaadamuun tarkaanfiilee

21

Guca 4: Guca hordoffii daawwana manaa Haala Mijeesitoota KSHn guutamu

Godina___________ Anaa__________ ganda__________ Gooxii__________

Maqaa Haala Mijeesaa KSH ________________________________________________

Lakk

Maqaa abbaa manaa Fulbaana Onkololeessa

Torban

1ffaa

Torban

2ffaa

Turban

3ffaa

Turban

4ffaa

Torban

1ffaa

Torban

2ffaa

Torban

3ffaa

Torban

4ffa

1

2

3

4

5

6

7

8

9

10

11

12

13

14

15

Dimshaasha

Hub: Maatin gochoota/ tarkaanfiilee ittisa busaa 4n raawwate maxxanfama mallattoo ittisa busaa ni kennamaaf.

Page 22: Maatii Keenya Dhukkuba Busaa Irraa Haa Ittisnu · 2014. 6. 25. · mana barnoota keessa dhaami. a. Fliipchaarti Tarkaanfilee Ittiisa Buusaaf Barbaachisan (TIBB) fayaadamuun tarkaanfiilee

22

Guca 5: Guca hordoffii Garee Hawwaasaa

Godina___________ Anaa__________ ganda__________ Gooxii__________

Maqaa Haala Mijeessaa KSH___________________________________________

Lakk

Maqaa abbaa manaa

Fulbaana Onkololeessa

Torban

1ffaa

Torban

2ffaa

Turban

3ffaa

Torban

1ffaa

Torban

2ffaa

Torban

3ffaa

1

2

3

4

5

6

7

8

9

10

11

12

13

Dimshaasha

Hub: Gareen miseensota hawwaasaa maxxanfamaa mallattoo ittisa busaa kan argatu, erga haala mijeessan daawwannaa manaa gaggeese maatiin gochoota dhukkuba busaa offirraa ittiin ittisan 4 raawwatanii hubatanii booda.

Page 23: Maatii Keenya Dhukkuba Busaa Irraa Haa Ittisnu · 2014. 6. 25. · mana barnoota keessa dhaami. a. Fliipchaarti Tarkaanfilee Ittiisa Buusaaf Barbaachisan (TIBB) fayaadamuun tarkaanfiilee

23

Guca 6: Guca gabaasaa torbanii fi ji’a kan haala mijeesitootan gabaafame Dursaan Garee Aanaa ittiin walitti cuunfu

Godina_______________________ Aanaa_________________

Lakk Maqaa gandaa

Maqaa Haala Mijeessaa

Daawwanna manaa Dimishaashatti gaggeefame

Daawwanna manaa Dimishaashaan ji'a keessatti gaggeefame

Fulbaana

Torban 1 Torban 2 Turban 3 Torban 4

Dimshaasha

Page 24: Maatii Keenya Dhukkuba Busaa Irraa Haa Ittisnu · 2014. 6. 25. · mana barnoota keessa dhaami. a. Fliipchaarti Tarkaanfilee Ittiisa Buusaaf Barbaachisan (TIBB) fayaadamuun tarkaanfiilee

24

Guca 7: Guca gabaasaa torbanii fi ji’a kan haala mijeesitootan gabaafame Dursaan Garee Aanaa ittiin walitti cuunfu

Godina_______________________ Aanaa_________________

Lakk Maqaa gandaa

Maqaa Haala Mijeessaa

Daawwanna manaa Dimishaashatti gaggeefame

Daawwanna manaa Dimishaashaan ji'a keessatti gaggeefame

Onkoloolessa

Torban 1 Torban 2 Turban 3 Torban 4

Dimshaasha

Page 25: Maatii Keenya Dhukkuba Busaa Irraa Haa Ittisnu · 2014. 6. 25. · mana barnoota keessa dhaami. a. Fliipchaarti Tarkaanfilee Ittiisa Buusaaf Barbaachisan (TIBB) fayaadamuun tarkaanfiilee

25

Foormii 8: Guca Gabaasa torbanitii fi ji’atti Haala Mijeesitootaa irraa DGAn argate irratti hunda'uun kan ittiin walitti cuunfu

Godina___________ Aanaa__________

Lakk Maqaa godinaa

Maqaa Haala Mijeessaa

Marii garee hawwaasaa waligalatti adeemsifame

Marii garee hawwaasaa walii gala ji’a keessatti

adeemsifame.

Baay’ina namoota tajaajila argatanii Fulbaana

Torban 1

Torban 2

Turban 3

Torban 4

Dimshaasha

Page 26: Maatii Keenya Dhukkuba Busaa Irraa Haa Ittisnu · 2014. 6. 25. · mana barnoota keessa dhaami. a. Fliipchaarti Tarkaanfilee Ittiisa Buusaaf Barbaachisan (TIBB) fayaadamuun tarkaanfiilee

26

Haala Dhukkuba Busaa Naannoo Oromiiyaa: Gaaffiilee Yeeroo Hedduu Gaafataman

1. Dhukkubni busaa maalii?

• Dhukkubni busaa raammoowwan ijaan hinmuul'anne pilaasmoodiyam jedhamu

booke busaa Jedhamtuun namarra namatii darbuudha.

• Raammoon ijaan hinmuul'annee plaasmoodiyam jedhamtu, seelii dhiigaa qabatani

dalagaa sammuu jeequ. Akkasuumas tiruu fi kalee irratti miidhaa cima qaqqabsiisu.

2. Mallatton dhukkuba busaa maal maali? Namni busaan qabamee:

• Qorri itti dhagaahaa, ni kirkiraa

• Ho'ina qaamaa (mallattoo idile).

• Bowwoo mataa.

• Fedhii nyaataa dhabuu

• Gateetti fi walqabsisaa qaamoolee irratti dhukkubiin itti dhagaahama

3. Namni tokko qaamni isaa yoo ho’e maal gootu?

• Namni tokko hoo'ina qaamaa yoo godhate atattamaan gara mana yaalaa geessuun

barbaachisaadha. Yaaliin atattamaan yoo godhamuufi baate, dhukkubni itti

hammaatee rakkina fayyaa walixaxaatti jijjiramuu danda'a. Isaanis:

• Hir'ina ulfina qaama ykn huuqqachuu.

• Rajiijjiin ni dhitofiti

• Jijjirama haalluu qaamaa

• Hiir'ina dhigaa

• Du'uas ta'u ni danda'a.

4. Busaan akkamitti daddarbaa?

• Busaan nama dhukkubsateerra gara nama fayyaatti kan darbuu bookee busaatiini.

• Bookeen dhukkuba busaa dabarsitu kuni yeeroon roobaa eerga darbeen booda

bishaan kuufamee ykn haaroo keessatti walihorti.

• Bookeen kuni galgala fi halkan dhiiga nama xuuxxi.

• Bookeen kun bakka itti walihorte irraa hamma kiloomeetra 2 balali’u ni dandeessi.

Page 27: Maatii Keenya Dhukkuba Busaa Irraa Haa Ittisnu · 2014. 6. 25. · mana barnoota keessa dhaami. a. Fliipchaarti Tarkaanfilee Ittiisa Buusaaf Barbaachisan (TIBB) fayaadamuun tarkaanfiilee

27

5. Maatii keenya keessa isaan kamtu dhukkuba busaatif irra caalaa saaxila bahaa?

• Gareen lamaa busaadhaan irra caala midhaman, daa’imman waggaa

shan gadii fi duubartoota ulfaati.

• Daa'imni wagga 5 gadii fi dubartonni ulfaa atattamaan gargaarsa ogeessa hin

arganne yoo ta'e dhukkubni busaa rakkoo cimaaf saaxilu ni danda'a akkasumas

du'aaf saaxiluu ni danda'a.

• Busaan duubartoota ulfaa hir'ina dhiigaa cimaaf saxila baasa. Da’imni dhalatus

garmalee ulfinni qaama isaa gadii aanaa ta'u ni danda'a. Siruma iyyuu ulfa irraa

baasuu ni danda'a.

6. Dukkubni Busaa Akamitti Ittifama?

I.

Haguuggii sireetti fayyadamuun

Bookeen busaa 97% kan nama hidditu yeeroo galgalaa fi barii gidduu jiru keessatti.

Kanaafuu maatiin yeroo mara saaphana siree keessa rafuudhaan dhukkuba busaa of irraa

ittiisuu ni dandahu. Halkan saaphana siree keessa rafuun, daa'imman yeroo malee dhalatani

dhibbantaa afuurtami lamaan (42%) akka gadii bu'u ni taasisa. Akkasuumas du'a daa'immani

yoo xiqqaate 20% ni hir'isa. Itiyoophiyaa keesatti, saaphana sireetti fayyadamuun dhukkuba

busaa dhibanta jahaatami lamaan (62%) ni ittisa. Yeeroon keemikaalli farra bookee busaa

saaphanni siree ittiin cuuphamee saaphana siree irra turuu danda'uu haalaa jabina

saaphana siree fi kununsa isaaf taasfima irratti hundaa'a.

• Saaphanni siree farra bookee busaa cuubame hamma woggaa takkootti tajaajilu ni

jira.

• Saaphani siree keemikaala farra bookee busaa cuuphame yeroo dheeraaf turu kan

danda'u ni jira. Itiyoophiyaa keessaattis irra caalaan raabsama fi gurgurama kan jiru

gosa isa kanaa yoo ta'u innis hamma waggaa sadii ykn hamma saaphanni yeroo 20

micamuutti tajaajiluu danda'a.

II. Keemikaala Farra Bookee Busaa Mna Keessatti Biifuun

Keemikaala farra bookee busaa mana keessaatti biifamu jechuun Keemikaalaa

girgiddaa/ dhaabaa manaa irratti biifamuudha. Keemikaali kunis bookee busaa ni

ajjesa. Haalaa babali'ina busaa irratti hunda'uun keemikaalli kuni bakka tokk tokkotti

Page 28: Maatii Keenya Dhukkuba Busaa Irraa Haa Ittisnu · 2014. 6. 25. · mana barnoota keessa dhaami. a. Fliipchaarti Tarkaanfilee Ittiisa Buusaaf Barbaachisan (TIBB) fayaadamuun tarkaanfiilee

28

waggaa keessatti si'a tokko yookaan si'a lama biifamauu ni danda'a. Mana Keessan

irratti keemikaala kana biifisisuun maatii keessan dhukkuba busaa irraa ittiisa.

Gaaffi 2: Ollaan kiyya tokko tokko keemikaalli kun akka manni isaanitti hinbiifamine

barbaadu. Kanaafuu, maal gochuu qabu?

Debi 2: Namoonni keemikaala farra bookee busaa biifan yammuu gara ganda

keenyaatti dhufan mana hedu irratti biifuuf itti gaafatamuumma qabu.

Kanaafuu, isaan gargaaruun barbaachisaadha. Milkayina hojii kanaaf isinis,

olloonni keesan keemikalaa kana akka biifsisan kakaasuun hojjatoota kanaaf

birmachuun isin irraa eegama.

Dhaabaan /godaan manaa erga biifameen booda baatii ji'a itti aanu keessatti girgidaan

dhoqqeen yoo dibame ykn waraqaan yoo itti maxxanfame keemikaalichi waan hintajaajilleef

gocha akkasi irra ofi qusachuun brabachisaadha. Girgidda manaa otoo biifamin torban tokko

dura yookaan biifamee ji'a ja'a erga guuteen booda dibuun ni danda'ama.

7. Yaalamu Ofi keessanis ta'ee maatii keessani keessaa namin tokko ho'ina qaamaa ykn mallatto

busaa gara biroo yoo godhate atattamaan gara dhaabbata fayyaa geessuun

barbaachisaadha. Dawaa oggeessi fayyaa busaaf isinii ajaje mara fudhachuun

baayyee barbaachisaadha. Namoonni tokko tokko yeeroo dhukkubni isaanitti wayya'e

waan fayyan se'uudhaan dawaa fudhachuu addaan kutu. Yoo isinitti wayyaa'e illee

lubbu qabeeyyiin dhukkuba busaa fidan qaama keessaa guutumma guututti waan

hinmacaneef dawaa isiniif ajajame mara fudhachuun barbaachisaadha.

Ofifis ta'e namin bira dhukkuba busaaf yaalamaa jira yo ta'e dhimmota armaan gadii

hubachuun barbaachissadha:

• Dhukkubni yoo isinitti wayyaa'e illee dawaa mara fixuu waan qabduuf miseensi maati

kee illee qoricha yoo naa qoodi jeedhee irraa hinkeennini.

• Namoota fayyaa isaani hinqorachifneef qorica busaa qoodani kennuun dhukkuba kan

biroof isaan saxila baasuu ni danda'a.

• Namtichi isini qooricha keessan qooddani kennitaniif busaan kan qabame you ta’e ille

dhukkuba irra isa fayyisuuf gahaa miti.

Page 29: Maatii Keenya Dhukkuba Busaa Irraa Haa Ittisnu · 2014. 6. 25. · mana barnoota keessa dhaami. a. Fliipchaarti Tarkaanfilee Ittiisa Buusaaf Barbaachisan (TIBB) fayaadamuun tarkaanfiilee

29

8. Haalli dhukkuba busaa Itiyoophiaa fi Oromiyaa keessa jiruu maal fakkaataa?

• Dhuukuubni busaa Oromiyaa keessatti, tilmaamaan

o Nama afuur dhukkubsatanii gara mana yaala dhaqan keessa namin tokko

sababa busaan gara mana yaalaa kandeemuudha.

o Dhukkubsattoota ja'a dhaabbata fayyaa keessaa ciisaanii yaalamani keessa

tokko sababin isaa dhukkuba busaati.

• Waggootii 5-8 turuun weerarri dhukkuba busaa balinaan Itiyoophiyaakeessatti ni

muli'ata. Jiraattoota keessa hanga 30% dhukkuba busaatiin dhukkubsachuu ni malu.

• Bara 1995 A.L.H sababa weerara busaatiin namoonni 3,000 akka du'an gabaafamee

ture.

• Wagootii sadan darban keessa saaphana siree kumaan lakkaawamu Itiyoophiyaa

keessatti raabsamuullee baayyini dubrtoota ulfaa fi haarma hoossisan halkan

saaphana siree jala rafan baayyee xiqqaadha.

9. Dhukkubni busaa dinagdee irratti midhaa akkami gessisaa?

• Itiyoophiyaa keessatti yeroon tamsa'ina dhukkuba busaa yeroo hoomishati.

Kanaafuu, namoota hojii qonna irratti boba'uu qaban miidha. Qotee bulaani yeeroo

murteessaa ta'ee dhukkubsatee ciisuun yookaan maatii dhukkubsachiisuun dabarsa.

• Warri qonnaan bulaa hintaanesi yeroo isaani hojii malee dabarsuuf dirqamu.

Ijoolleenis sababa dhukkubaatiin mana baruumsaa irraa ni hafu.

• Hir'ina dhiigaa sababa buusaatin umamu irra kan ka'e dubartoonni dandeetti dalaguu

hiri'isuun omishtumaa isaan gadi bu'a.