mariin gurmuu tumsa qeerroo melbourne, australia · bal’aa akka hammatuuf hojii bal’aa fi...

5
Mariin Gurmuu Tumsa Qeerroo Bilisummaan Qindaa’e Milkiin Xumurame! Melbourne, Australia Sochii qeerroo bilisummaa tumsuu fi humneessuu akeekkatee kan ijaarame Gurmuun Tumsa Qeerroo Bilisummaa (GTQB) Bitootessa 17/2013 hawaasa Oromoo magaalaa Melbourne jiraatan waliin marii bal’aa fi ijaaraa gaggeeffachuun milkiin xumurateera. Mariin kun itti fufiinsa marii waxabajjii 30/2012 gaggeeffamee turee ta’uu kan yaadachiise GTQB mata duree adda addaa irratti ibsaa fi attamiin Qeerroo Bilisummaa Tumsuun danda’amaa irratti mariisiseera. Sagantaan kun akkuma aadaa Oromootti eebba Manguddootaan kan eegale yoroo ta’u itti aansuun Ob. Gammachuu Fayyeeraa, Qindeessaan GTQB akeekaa fi attamiin GTQB akka ijaarame ibsuun akeeka eebbifamaa kana bakkaan gahuuf hawaasni Oromoo yaadaa fi mala qabu hunda otoo hin qusanne akka gumaachu dhaammatee tartiiba sagantaa kaahameen mariin kun kan gaggeeffamu ta’uu ibsun waltajjii mariif bane. Obbo Gammachuu Fayyeeraa

Upload: hoangkhuong

Post on 06-Sep-2018

258 views

Category:

Documents


0 download

TRANSCRIPT

Mariin Gurmuu Tumsa Qeerroo Bilisummaan Qindaa’e Milkiin Xumurame!

Melbourne, Australia

Sochii qeerroo bilisummaa tumsuu fi humneessuu akeekkatee kan ijaarame Gurmuun Tumsa

Qeerroo Bilisummaa (GTQB) Bitootessa 17/2013 hawaasa Oromoo magaalaa Melbourne

jiraatan waliin marii bal’aa fi ijaaraa gaggeeffachuun milkiin xumurateera. Mariin kun itti

fufiinsa marii waxabajjii 30/2012 gaggeeffamee turee ta’uu kan yaadachiise GTQB mata duree

adda addaa irratti ibsaa fi attamiin Qeerroo Bilisummaa Tumsuun danda’amaa irratti

mariisiseera.

Sagantaan kun akkuma aadaa Oromootti

eebba Manguddootaan kan eegale yoroo

ta’u itti aansuun Ob. Gammachuu

Fayyeeraa, Qindeessaan GTQB akeekaa fi

attamiin GTQB akka ijaarame ibsuun

akeeka eebbifamaa kana bakkaan gahuuf

hawaasni Oromoo yaadaa fi mala qabu

hunda otoo hin qusanne akka gumaachu

dhaammatee tartiiba sagantaa kaahameen

mariin kun kan gaggeeffamu ta’uu ibsun

waltajjii mariif bane.

Obbo Gammachuu Fayyeeraa

Itti aansee haala qabatamaan yeroo ammaa Qeerroon biyyaa itti jiru bililaan bakka bu’aa

Qeerroo biyya keessaa irraa dhageeffatameera. Ibsa isaa kana keessatti, yakka Ummata

Oromoo fi Oromiyaa irratti dalagamaa jiru kan hubatan dargaggoonnii fi shamarran Oromoo

ummata keenyaa fi biyya keenya dhabama irraa baraaruuf jecha of ijaaranii diddaa wal irraa

hin citne gaggeessaa jirra jedhee, dabaluunis diddaan gaggeeffamaa jiru ummata Oromoo

bal’aa akka hammatuuf hojii bal’aa fi ulfaataan hojjatamaa jiraachuu ibsee, qonnaan

bultoonni keenya lafa isaanii irraa humnaan hin buqqaanu jedhanii akka falmatan

dadammaqiinsa kennameen yeroo ammaa kana lafa keenya irraa hin kaanu jedhanii mirga

isaanf falmachuun egalamuu, Oromoota miseensota OPDO ta’aniif dadammaqiinsa fi

barnoota kennameen qabsaa’otaaf dahannoo ta’uu eegalaniiru, hayyoonni fi manguddoonni

Oromoos Qeerroo cinaa jabinaan dhaabbachaa akka jiran adeesseera.

Diinni Ummata Oromoos yakka dalagaa jiru yeroo kamuu caalaa jabeessee itti fufaa akka jiru

kan hubachise bakka bu’aan Qeerroo biyya keessaa, balaa itti aggaammate kana irraa

baraaruuf qabsoo bal’aa fi ulfaataa wareegama gurgurdaa kaffalchiisaa turee fi jiru galmaan

gahuuf dargaggoonni fi Shamarran Oromoo Qeerroo Bilisummaa jalatti ijaaramanii dirqama

lammummaa bahachaa jirra. Xumara irrattis ijaaramuu tumsa kanaaf galata galchuun bakka

jiraattanii fi addunyaa mara irratti harka wal qabattanii tokkummaan dhageettii qabsaa’ota

Oromoof horuun abdii akka taatan maqaa Qeerroo Oromoon jabeesseen dhaammadha

jechuun dhaamsa ulfaataa hawaasa Oromoo biyya alaa jiraatuuf dhaammateera.

Obbo Mahaammad Abdullaahii

Ob. Mahaammad Abdullaahii odeessa

qabatamaa Oromiyaa dhaqanii arganii fi

hubatan hirmaattota marii kanaaf yommuu

ibsan fuula isaanii irraa gadda guddaa fi ija

isaanii irraa imimaantu yaa’a ture. Dabaa fi

yakka diinni irratti raawwatuun “Ummanni

Oromoon du’aa fi jireenya jidduutti

argama” kan jedhan Ob. Mahaammad,

“namoonni tokko tokko gamoo gurgurdaa

fi Cululuqaa ilmaan Habashaa Finfinnee

keessatti ijaaran qofa ilaalanii biyyi

guddate yommuu nuun jedhan Abbaa

biyyichaa kan ta’e Ummanni Oromoo

ammoo gamoo sana jala waardiyyaa ta’ee

itti tufamaa ergamuuf akka dirqame arguu

dhabuun ykn arganii dubbachuu dhiisuun yakka” jedhan. Kanaaf jedhan abdii Ummanni

keenya qabu, “guyyaa tokko kana keessaa ni baana yaada jedhu” lubbuu itti horree

humneessuun akka baay’inaa fi gootummaa isaatti Oromoon diina isaa ofirraa darbachuu ni

danda’a” jedhan.

Maqaa Amantii Musiliimaan sochii taasfamaa jirtu ilaalchisee Ob. Mahaammad dhaamsa

dhaammataniin “Ummanni waanta sana gaggeessan Oromoo miti. Gaafiin isaanii kan haqaa

ti, ammoo Musiliimota Oromoon waanta hin qindoofneef meeshaa ta’uufii hin qabnun jedha.

Jijjiirama barbaannu kamuu nutu ofiif hojjatachuu qaba. Hormi tasumaa ulee nu godhachuu

hin qabu” Jedhaniiru.

Koree Hojii gaggeessituu waldaa Hawaasa

Oromoo Australia bakka bu’uun dhaamsa

waldichaa waltajii kana irratti kan dabarsan

Ob. Yaadataa Sabaa (Jaatam) waldaan

hawaasa Oromoo Australia Sochii

Qeerroon bilisummaa Oromoo gaggeessaa

jiruuf tumsa barbaachisu kamuu kan

taasisan ta’uu ibsuun jabaadhaa jedhan.

Obbo Yaadataa Sabaa (Jaatam)

Dura teessuun waldaa dubartoota Oromoo

Kaayyoo aaddee Sa’aadaa Ammee waldaa

isaanii bakka bu’uun haasaa taasisaniin

“Erga Oromoo gabrummaa jalatti kufee

kaasee hanga har’aatti hiraamaannaan

dubartootaa takkaa of duuba hin jenne, hin

jedhus. Har’as ta’ee fuulduraas hanga

Oromoon fedhii isaa kan bilisummaa

ga’uutti nuti dubartoonni akkuma

Aadde Sa’aadaa Ammee (Dura teessuu

waldaa dubartoota Kaayyoo)

kaleessaa Qeerroo bilisummaa qabeenyaanis ta’ee hanga miseensummaa fi qaamaan

hirmaachuutti akka of duuba hin deebine Oromoo hundaaf beeksisuu barbaanna.” Jechuun

tumsa qeerroo bilisummaaf qaban haamlee guutuun ibsaniiru.

Itti aansuun ummata marii kana irratti hirmaate hunda akka hirmaachisutti qabxiilee marii

akka hayyuu Oromoo tokkootti kan dhiyeessan Ob. Aliyyii Galatoo ti. Ob. Aliyyiin mirgoota

dhalli namaa qabaachuu qabuu fi mirgoota kana yeroo sarbamu maal akka gochuu qabu,

sochii bilisummaa gaggeeffamus uummatni sun gabrummaa jala jiraachuun dhugaa ta’uu

beekuu, gabrummaa kana jalaa bahuuf Ummatichi ilaalcha walfakkaatu qabaachuu fi fedhii

ummataa kana kan qindeessee qajeelchu jaarmayaa qabaachuu akka qabu yaadchiisuun,

sochii kana keessatti hawaasni Oromoo biyya alaa jirru yoo maal goone QBO tumsuu akka

dandeenyu ibsan. Ibsa qormaata irratti hundaa’e bal’inaan erga ibsanii booda gaafilee mariif

ta’an dhiyaassuun ibsa isaanii xumuran.

Obbo Aliyyii Galatoo

Gaaffiilee dhiyaatan kana Ob. Aliyyii fi Ob.

Mahaammad Abdullaahii akka mariisisan

gara waltajjiitti deebisuun marii baldhaan

gaggeeffameera. Gaafilee turan keessa

namni waan gochuu qabu maaliif gochuu

dhaba? Maal barbaanna? Maaliif

barbaanna?, Waan barbaannu kana

argachuu dandeenya jennee maaliif

amanna? Waanta barbaannu kana

argachuuf ani akka nama tokkootti maalan

gumaacha?, Yoom? kanneen jedhan irratti

mariin bal’aan gaggeeffameera.

Dhuma irratti hirmaattonni marii bulchina

qabu akkanaa guyyaa tokkotti

xumurachuun waan ulfaatuuf GTQB

waltajjii fakkaataa yeroo gabaabaa

keessatti akka Qindeessu gaafiin dhiyaatee

fudhatama argateera.

Obbo Moosisaa Futtaasaa mariin gaggeeffame hedduu bareedaa akka ta’e, miidhaa Ummataa

fi biyya keenya irra gahaa jiru fi diinni keenya halkanii fi guyyaa nurratti hojjataa jiru yommuu

wal bira qabnee ilaallu ammayyuu tattaaffiin keenya kana caaluu akka qabu, kanaafis waan

har’a nan gumaacha jennee dubbanne hojiin mul’isuu eegaluun barbaachisaa ta’uu

yaadachiisuun gorsa manguddummaa kennaniiru. Dabaluunis humni keenya guddaan

tokkummaa keenya waanta ta’eef Ummanni Oromoo tokkummaaf dursa akka kennu

dhaammatanii waltajjicha eebbaan cufaniiru.