mata-dureewwaan ijoo kutaa kanaa meeshaalee barbaachisan facilitators guide...1. qajeelfama akkaataa...

4

Upload: others

Post on 06-Jul-2020

100 views

Category:

Documents


4 download

TRANSCRIPT

Page 1: Mata-dureewwaan ijoo kutaa kanaa Meeshaalee Barbaachisan Facilitators Guide...1. Qajeelfama akkaataa ijaarsa iddoo harka dhiqannaa bishaan qusatu ibsu yaadannoo maatii irraa sagalee
Page 2: Mata-dureewwaan ijoo kutaa kanaa Meeshaalee Barbaachisan Facilitators Guide...1. Qajeelfama akkaataa ijaarsa iddoo harka dhiqannaa bishaan qusatu ibsu yaadannoo maatii irraa sagalee

Mata-dureewwaan ijoo kutaa kanaa Meeshaalee Barbaachisan Bishaan, Qulqullina Naannoo fi Eegumsa Fayyaa

Qonna

Sirna Nyaataa Haadholee fi Daa’immanii

Poostara Bishaanii,Qulqullina naannoo fi Eegumsa fayyaa

Yaadannoo Maatii

Gulantaa 1: Baga nagana dhuftaniiAkkana Jedhiin: “MHG Kutaa shanaffaa waa’ee guyyoota 1000 jalqabaa kanaaf baga nagaan dhuftan”.

Gulantaa 2: Keessa deebii sagantaa marii darbeeAkkas Jedhaa: MHG keenya darberratti, karaawwan Mootiiwwan Kanniisaa keenya harma hoosisan ittiin

gargaarru barannee turre.

Gaafadhu: “Karaawwan muraasni Mootiiwwan Kanniisaa keenya harma hoosisan ittiin gargaarru maali?”

Mootiiwwan Kanniisaa keenya boqachuuf, nyaachuufii daa’ima ishee hoosisuudhaaf yeroo akka argattu hojiilee manaa isaan gargaarra.

Mootiiwwan Kanniisaa keenya nyaata baay’isanii akka nyaatan, nyaatawwan ABBAA URJII dabalanii akka nyaatan gargaarra. Lubbuu lamaaf jedhanii nyaatu waan ta’eef.

Gaafadhu: “Karaawwan muraasni daa’imman BIQILTUUN keenyaa ciccimoo, fayya-qabeeyyii fi qareeyyii ta’anii guddachuu akka danda’an ittiin mirkaneessinu maali?”

Erga dhalatanii booda sa’aatii tokko keessatti harma qabatanii hodhuu isaanii mirkaneessina

Aannan jalqaba bahu (silgaa) isa daa’imaaf talaallii jalqabaa ta’e argachuu isaanii mirkaneessiina

Daa’imman BIQILTUUN keenya ji’oota jahan jalqabaa aannan harmaa qofa dhuguu isaanii mirkaneessina- bishaan yookan nyaanni biraa hinbarbaachisu

Bobbaa daa’imman BIQILTUU yeroofi ofeeggannoodhaan boollatti ganna

Daa’imni BIQILTUU bobbaa erga teessee/albaatee booda, teessoofi harka ishee bishaaniifi saamunaadhaan dhiqna.

Bobbaa Daa’imman BIQILTUU erga tuttuqnee booda, harka keenya bishaaniifi saamunaadhaan dhiqanna.

Gaafadhu: Gaaffilee armaan gaditti tarreeffaman namootni meeqa akka hojii irra oolchan uunka gabaasa keerratti guuti.

“Maatii keessan keessaa bobbaa daa’immanii yeroofi ofeeggannoodhaan gatuu kan jalqabe jiraa?

Daa’imman erga bobba’anii/alba’anii booda, teessoofi harka isaanii bishaaniifi saamunaadhaan dhiquu kan jalqabeisin keessa jiraa?”

“Isin keessaa namoonni bobbaa daa’immanii erga qabanii booda harka isaanii bishaaniifi saamunaadhaan dhiqachuu jalqaban meeqatu jiru?

Gaafadhu: “Wantoota kana maatii keessaniif wayita qooddan rakkooleen isin quunnaman jiruu?”

Namoonni 2-3 ta’an gaaffilee kanneen akka deebisaniifi muuxannoo isaanii akka qoodan JAJJABEESSI.

KUTAA 5HOJII SIRNA NYAATA QINDAAWAA, QONNAA, BISHAAN, QULQULLINA NAANNOO FI EEGUMSA FAYYAA

Gulantaa 3: Mata-duree har’aa beeksisuu: Hojii sirna nyaataa, Qonnaa , Bishaanii fi qulqullina naannoo fi eegumsa fayyaa

Gaaffii: Filiipchaartii irraa maaltu isinitti mul’ata

Deebii: Dubartii kosii yookan faltii loonii hartu, nama meeshaa qonnaa kan olkaa’u, qonnaa kan qotu, teessoo daa’ima kan dhiqxtu

Akkana jedhi: Daa’imman ji’a 6 erga xumuraniin booda yeroo nyaata dabalataa jalqabani dha. Yeroo kanattis eegumsii fi qulqullinni barbaachisaan taasifamuufii qaba.

Akkana jedhiin: “Mata-dureen har’aa waa’ee hojiilee Sirna nyaataa, Qonnaa fi Bishaan, Qulqullina Naannoo fi Eegumsa fayyaati”

Akkana jedhiin: ‘’Daa’imman waggaa lamaa gadiirraa lukkuuwwaniifi beeyiladoota biroo fageessuun akkasumas iddoo daa’imman itti taphatanii, ciisaniifi nyaata itti nyaatanii kosii beeyiladaafi bobbaa namaa haranii qulqulleessuun murteessaadha”

Akkana jedhiin: “Bobbaan yookan kosiin beeyiladaa hundi, foolii qabaates qabaachuu baatees, jarmootaafi raammolee maxxantuu (paaraasaayitoota) daa’imman dhukkubaaf saaxilaniifi nyaata kenninuuf hunda haalan akka hindaakne dhoowwan baatanii jiru.”

Akkana jedhiin: “Maatiiwwan samunaa bitanii harka isaanii yeroowwan murteessaa ta’an kanatti dhiqachuu qabu:

a. Daa’imni bobbaa ta’ee/hagee erga teessuma/hudduu isaa qulqulleessitanii booda

b. Ofii mana fincaanii dhaqxanii erga deebitanii ykn bobbaa daa’imaa erga gattanii booda

c. Dhoqqee loonii yookan kaboota erga harkaan tuqxanii booda

d. Hojiilee qonnaati yeroo deebitan ykn loon qaqqabaa erga turtanii booda

e. Nyaata qopheessuufi waciitiifi eelee tuquun dura

f. Nyaata dhiheessuu yookan daa’ima nyaachisuun dura

Akkana jedhiin: “Daa’imni nyaata nyaachuun dura, warri harka daa’imichaa bishaaniifi saamunaadhaan dhiquu qaba.”

Akkana jedhiin: “Maatiiwwan bishaan daa’imman KICHUU fi ABAABOON dhugan qulqulleessuuf, kiniiniiwwan yookan dhangal’aa bishaan qulqulleessan bituu qabu

Bishaan liitira 20 itti: –

a. Wuhaa Aggaarii’ fal’aana 1 YKN

b. ‘Akuwaa Taabii kiniinia 1

c. ‘Bishaan Gaarii’ paakkoo 1

Daa’imman KICHUU yokn ABAABOOF bishaan kubbaayyaa kophaatti isaanii qophaa’etti kennaafi

Akkana jedhiin: “Maatiiwwan daa’imman yeroo daa’iman, dhaabbatan, deeban kosii beeyiladootaa tuqanii akka afaaniin hinqabne yookan waan gara garaa kaasanii akka afaan hinkaa’anne eeguu qabu. Kanas gochuufi:

Daa’imman iddoo lukkuuwwan yookaa beeyiladoonni jiran akka hingeenye eeguu

Odoo keessaa kosii/dhoqqee beeyiladootaa yookan bobbaa namaa yeroo yeroon haruudhaan sirriitti qulqulleessuudha.

Page 3: Mata-dureewwaan ijoo kutaa kanaa Meeshaalee Barbaachisan Facilitators Guide...1. Qajeelfama akkaataa ijaarsa iddoo harka dhiqannaa bishaan qusatu ibsu yaadannoo maatii irraa sagalee

Iddoo harka dhiqannaa kuufata Bishaan qusatu bakkeewwan barbaachisoo adda addaatti hojjennee ol keenya

Daa’imman bobba’anii

teessuma isaanii erga dhiqnee fi

bobbaatii isaanii gatneen booda

Daa’imman yeroo taphatanii fi daa’iman afata qulqullaa’aa irra ni keenya

taphatanii fi yeroo taphatanii fi daa’iman afata qulqullaa’aa

Daa’imman

Qonnaa fi hojii qonnaa erga hojjenneen

booda

Daa’imman keenya nyaata

nyaachisuu keenyaan dura

Mana fincaanii booda

Daa’imman Faltii erga falteessinee fi

Kuboota xuqneen booda

Faltii erga Faltii erga

keenyaan dura

Nyaata qopheessuu

keenyaan dura

YEROOWWAN MURTEESSAA TA’AN KANATTI HARKA KEENYA BISHAANII FI

SAAMUNAADHAAN NI DHIQANNA

Page 4: Mata-dureewwaan ijoo kutaa kanaa Meeshaalee Barbaachisan Facilitators Guide...1. Qajeelfama akkaataa ijaarsa iddoo harka dhiqannaa bishaan qusatu ibsu yaadannoo maatii irraa sagalee

Gaaffii: Filiipchaartii irraa maaltu isinitti mul’ata

Deebii:- Dubartii meshaa harka dhiqannaa kan bishaan qusatu tolchitu, harkaa hoomachaan haguugamee,Nama qotu, Dubartii daa’ima nyaachiftu

Gulantaa 4: Qajeelfama akkaata ijaarsa iddoo harka dhiqannaa bishaan qusatu irratti ibsa kennaafii

IBSAAFII: Maatiiwwan keenya yeroo murteessoo ta’anitti harka isaanii dhiqachuu isanii mirkaneessuuf iddoo harka dhiqannaa bishaan qusatu yookaan bishaan joogiidhaan bakka mijaataa qopheessuun saamunaa olkaa’uu qabna.

Yaadadhaa: Kana taasisuuf

1. Qajeelfama akkaataa ijaarsa iddoo harka dhiqannaa bishaan qusatu ibsu yaadannoo maatii irraa sagalee kee olfuudhii dubbisiif

2. Akkaataa ijaarsa iddoo harka dhiqannaa bishaan qusatuu Hojjettoota Eekisteenshinii Fayyaa irraa gorsa argachuu akka danda’anii fi qajeelfam akkaataa iddoo harka dhiqannaa bishaan qusatu ibsu miseensa maatii isaaniif akka agarsiisan itti himaa.

Gulantaa 5: Harka dhiqachuudhaan agarsiisuuIBSI: “Hanga ammaatti waa’ee harka dhiqannaa mari’achaa turreerra. Mee amma immoo akkamitti

akka raawwannu haa shaakallu. Dura ani harka keenya saamunaafi bishaaniin akkamitti akka dhiqannu isinitti agarsiisa.’

HAALA HARKA DHIQANNAA GAARII TA’E GULANTAAWWAN KANNEEN HORDOFUUDHAAN AGARSIISI:

Bantuufi cuftuu bishaanii fayyadamaa yookan nama bishaan harkarratti isinii buusu gaafadhaa

Saamunaa dibaatii harka keessani walitti riguudhaan arafeessaa. Barruufi duuba barruu, quba gidduu fi qeensa jala arafeessuun dhiqachuu kee mirkaneessi.

Harka keessaan yoo xiqqaate sakandii 20f rigaa, qeensa harka tokkoo barruu harka biraatti rigaa.

Suuta jedhaa hanga 20 itti lakkaawaa yookan weedduu tokko jalqabaa hanga dhumaatti weeddisaa

Bishaan qulqulluu yaa’u jalatti harka keessan lolla’adhaa.

Harka keessaan qilleensaan qoorsaa.

GULANTAA 6: Poostara Bishaanii,Qonnaa,qulqullina naannoo fi Eegumsa fayyaa irratti mari’achuu

1. PoostaraBishaanii,qulqullina naannoo fi Eegumsa fayyaa hirmaattotaaf hiri.

2. Odeeffannoo poostaricharra jiran hunda dubbisiiti; gareef ibsi

3. Yeroowwan murteessaa maatiiwwan harka daa’imman isaanii dhiquu qaban hojiileeBishaanii,qulqullina naannoo fi Eegumsa fayyaa poostaricharra itti agarsiisuun ibsiif.

Qabxiilee kanneen armaan gadii sirriitti qalbeeffachiisi:Daa’imni bobbaa ta’ee/hagee erga teessuma/hudduu isaa qulqulleessitanii booda

Ofii mana fincaanii dhaqxanii erga deebitanii ykn bobbaa daa’imaa erga gattanii booda

Hojiilee qonnaati yeroo deebitan ykn loon erga tuttuqxanii booda yookan oddoo keessa hojechaa erga turtanii booda

Nyaata qopheessuu, dhiheessuu yookan daa’ima nyaachisuun dura

Daa’ima afata qulqulluurra kaa’uu fi kosii loonii akka hintuqne eeguu

Daa’imni tapachaa yookan daa’imaa erga tureen booda harkaafi fuula isaa/ishee dhiquu

Gulantaa 7: Meeshaaleefi Hojiilee Manatti Fudhatanii galanAkkana jedhiin: Poostara bishaan,qulqullina naannoo fi Eegumsa fayyaa raabsaafiitii postaricha keenyaan mana isaanii

irratti akka maxxanfatan ibsaafii.

Gaafadhu: Hirmaattonni Poostara bishaan,qulqullina naannoo fi Eegumsa fayyaa abbaa warraa/haadha warraa fi miseensota maatii isaaniitti akka agarsiisaniifi karaa maatii isaanii daa’ima isaaniirraa dhibee ittisuu danda’an akka waliin mari’atan gaafadhu

Akkana jedhiin: Wantoota kana manatti abbaa warraa fi haadha yookan amaatii keessanitti wayita himtan haala ture, namoonni fedhiidhaan walgahii dhufurratti nuu gabaasuuf fedhii qabdan harka baasaa”

Nyaata qopheessuu, dhiyeessuu, nyaachuu akkasumas daa’ima nyaachisuu duraa fi booda harka bishaaniifi saamunaadhaan dhiqachuu

Hojii qonnaan booda, daa’ima nyaachisuun dura akkasumas yeroowwan murteessaa ta’an birootti harka bishaaniifi saamunaadhaan dhiqachuu

Oddoo keessaa kosii beeyiladaa yookan bobbaa namaa yeroo yeroon haranii qulqulleessuudhaan naannawa daa’immanitti miidhaa hinfidne taasisuu.

Daa’imman wayita daa’iman kosii beeyiladootaafi bobbaa namaa tuqanii afaan qabuudhaan akka hinliqimsine, harka isaanii yeroo yeroon dhiquudhaan eeguu. Haalli kun dhukkuba irraa ittisa.

Yaadadhaa: Namoota harka baasan lakkaawudhaan baay’ina isaanii yaadannoo kee keessatti barreessi.

Gulantaa 8: CufiinsaHirmaattonni hirmaannaa ho’aa taasisaniif galateeffadhu

Walgahiin itti aanu yoom akka ta’e hirmaattota yaadachiisi