mata-dureewwan ijoo kutaa kanaa meeshaalee barbaachisan · 2018-03-01 · gosa beeyladoota...

5

Upload: others

Post on 08-Mar-2020

20 views

Category:

Documents


0 download

TRANSCRIPT

Page 1: Mata-dureewwan Ijoo Kutaa Kanaa Meeshaalee barbaachisan · 2018-03-01 · gosa beeyladoota daa’imman keessaniif kennuu kan jalqabe? 4. Meeqan keessantu marii turban darbee booda
Page 2: Mata-dureewwan Ijoo Kutaa Kanaa Meeshaalee barbaachisan · 2018-03-01 · gosa beeyladoota daa’imman keessaniif kennuu kan jalqabe? 4. Meeqan keessantu marii turban darbee booda

Mata-dureewwan Ijoo Kutaa Kanaa Meeshaalee barbaachisan

Keessa-deebii kutaalee saglan darbanii

Waa’ee guyyoota 1000 jalqabaa namoota biroof himuu/tamsaasuu

Waadaa hirmaattotni seenan galmeessuu

Unkaa gabaasaa ykn yaadannoo waadaan hirmaattonni seenan irratti barreessamu

Gulantaa 1: Baga Nagaan dhuftaniiAkkana jedhiin: “MHG Kutaa kudhanaffaa waa’ee guyyoota 1000 jalqabaa kanaaf baga nagaan dhuftan”.

Akkana jedhiin: “Daa’imman keenya ciccimoo, fayya-qabeeyyii fi qareeyyii ta’anii akka guddatan wantoota addaa guyyoota 1000 jalqabaa keessa raawwachuu qabnu akka barachaa turuun keenta beekamaa dha.”

Gulantaa 2: Keessa deebii sagantaa marii darbeeAkkana jedhiin: “Walgahii darbe keessatti, maatiiwwan daa’imman Abaaboof yoo xiqqaate nyaatawwan abbaa

urjii mummuraman nyaachuu fi guyyaatti nyaata idilee 3 fi tursiistuu 2 kennuudhaan daa’imman keenya akka gabbatanii fi guddatan gochuu akka qabnu baranneerra.

Akkana jedhiin: Daa’imman Abaaboo sossobuun obsaan nyaata isaanii xumuranii akka nyaatan jajjabeessuu baranneerra.

Akkana jedhiin: Amma Maree keenya darbe booda muuxannoo haala mana ture irratti mari’anna.

1. Meeqan keessantu poostara Abaaboo keenyaan manaatti maxxanse yookan fannise?

2. Meeqan keessantu daa’imman Abaaboof yoo xiqqaate guyyaatti nyaata idilee 3 fi tursiistuu 2 nyaatawwan abbaa urjii waliin maktanii nyaachisuuf qajeelfama poostaricha jiru itti fayyadame?

3. Meeqan keessantu marii turban darbee booda daa’imman keessaniif nyaatawwan abbaa urjii 3 kan ta’e gosa beeyladoota daa’imman keessaniif kennuu kan jalqabe?

4. Meeqan keessantu marii turban darbee booda daa’imman guyya guyyaan nyaatan irratti nyaatawwan abbaa urjii 2 ida’uudhaan daa’imman keessaniif kennuu kan jalqabe?

5. Meeqan keessantu daa’imman keessan obsaan nyaachisuu yaaltan? Yoo raawwataniittu ta’e haalli ture akkami?

Yaadadhaa: Baay’ina namoota yaalanii UNKAA GABAASAMHG KEE KEESSATTI BARREESSI.

Gulantaa 3: Mata-duree har’aa beeksisuuAKKANA JEDHIIN: “Walgahiin keenya har’aa walgahii waa’ee Guyyoota 1000 Jalqabaa isa dhumaati.1. Walgahii keenya har’aa keessatti wantoota walgahii jalqabaati kaasee hanga ammaatti baranne keessa deebi’uun

kan ilaallu ta’uu isaa ibsaafii. Kunis raga dhuunfaa hirmaattonni kennan dhaggeeffachuun kan raawwatamu dha.

2. Hirmaattota gaaffilee itti aanan kana gaafadhu:

Mariiwwan Hawaasaa Gabbataa kanneenirraa maal akka baranne namni nutti himu eenyu?

Amaloonni/tarkaanfiiwwan sirna nyaataa isin manatti abbaa warraa/haadha warraa fi miseensota maatii keessan wajjiin hojiirra oolchuu jalqabdan maal maali?

GUDUUNFAA FI WAADAA SEENUU KUTAA 10

Kutaalee MHG Guyyoota 1000 Jalqabaa hordofuu erga jalqabdanii booda, sirna nyaataa waliin wal qabatee jijjiiramni isin, daa’imna keessanii fi maatiin keessaniif argattan maali?

Wantoonni tokko tokko isin jijjiirtan hoo maali?

3. Namoonni gaaffilee kanneen akka deebisanii fi muuxannoowwan isaanii qoodan JAJJABEESSI

IBSAAFII: Walgahii dhumaa kana keessatti, namoota fedhiidhaan waa’ee guyyoota 1000 jalqabaa oduu gaggaarii tamsaasuun warra ykan akkoowwan daa’imman Sanyii, Biqiltuu, Kichuufi Abaaboo barsiisuun nu gargaaran gaafanna.

Gulantaa 4: Keessa deebii yaadawwan bu’uuraa MHG darbaniiIBSAAFII: Filiipchaartii irraa sadarkaalee guddina abaaboo suufii hirmaattotatti agarsiisi.

Sadarkaalee jiran tokko tokkoon itti agarsiisuun ibsiif.

AKKANA JEDHIIN: Hundi keessan sadarkaalee guddina biqiltuu suufii afuraniifi sadarkaaleen kun maal akka agarsiisan ni yaadattu jedheen abdadha.

1. “SANYII” jechuun yeroo ulfaafi daa’imni gadameessa keessa jiru mul’isa. Sadarkaan sanyii guyyaa haati takka ulfooftee hanga deessutti kan jirudha. Yeroo ulfaa haadholeen cimina argachuufi fayya-qabeeyyii ta’uufi akkasumas daa’imni isaanii ciccimoo akka ta’an nyaata akaakuu gara garaa nyaachuu qabu.

2. “BIQILTUU” jechuun immoo guyyaa daa’imni dhalatee kaasee hanga ji’a jaha guututti kan jiru. Sadarkaa biqiltuurratti, daa’imman reefu dhalatan akkuma dhalataniin sa’aatii tokko keessatti aannan harmaa jalqaba bahu (silga) hodhuu jalqabuu qabu. Hanga ji’a jaha guutanittis aannan harmaa qofa hodhuu qabu.

3. “KICHUU” jechuun yeroo daa’imni ji’a 6-12 gidduu jiru kan ilaallatuudha. Sadarkaa kichuurratti nyaata dabalataa nyaachuu, marqaa furdaa, lallaafaa fi nyaatawwan ABBAA URJIIN jalqabuu qabu. Daa’imman kichuun guyyaa guyyaan nyaata yeroo sadiifi tursiistuu tokko nyaachuu qabu.

4. “ABAABOO’’ jechuun immoo yeroo daa’imni ji’a 12-24 gidduu jiru agarsiisa. Sadarkaa abaaboo kanarratti daa’imman nyaata dabalataa nyaachuu itti fufuu qabu. Maatiiwwan daa’imman isaanii abaaboof guyyaatti nyaata sadiifi yoo xiqqaate tursiistuuwwan lama kennuufi qabu. Kunis daa’imman ciccimoo, fayya-qabeeyyiifi qareeyyii ta’anii akka guddatan gargaara.

Page 3: Mata-dureewwan Ijoo Kutaa Kanaa Meeshaalee barbaachisan · 2018-03-01 · gosa beeyladoota daa’imman keessaniif kennuu kan jalqabe? 4. Meeqan keessantu marii turban darbee booda
Page 4: Mata-dureewwan Ijoo Kutaa Kanaa Meeshaalee barbaachisan · 2018-03-01 · gosa beeyladoota daa’imman keessaniif kennuu kan jalqabe? 4. Meeqan keessantu marii turban darbee booda

Gulantaa 5: Soorata nyaatawwan abbaa urjiin walmadaalchisuuNamoota hundatti fakkii baay’ina akaakuu nyaataaa filiipchaartii irraa itti agarsiisuun kanneen armaan gadii ibsiif:

Nyaatni urjii hin qabne nyaata idilee yeroo yeroon nyaannu kanneen akka midhaan dheedhii, ataraa, baaqelaafi kkf agarsiisa.

Nyaatawwan abba urjii-3 nyaatawwan beeyiladarraa argaman kanneen akka aannanii ,hanqaaquu/buuphaa fi foonii agarsiisa.

Nyaatwaan abbaa urjii 2- kuduraalee akka raafuu fi kaarotii agarsiisa. Akkasumas fuduraalee kanneen akka muuzii, paappayee, maangoo fi Avokaadoo agarsiisa. Isaanis nyaatawwan ABBAA URJII 2 ti.

Nyaatawwan abba urjii-1- nyaatawwan akka dhadhaa fi zayitaa saliixii, talbaa ykn zayita nuugii agarsiisa.

Gulantaa 6: Sirna nyaataa fooyyessuuf kan gargaaran amaloota<< NUTI>>.

Akkana jediin: “Baay’ina akaakuu nyaata madaalamaa haadholee ulfaa, haadholee harma hoosisaniif akkasumas daa’imman waggaa lamaa gadiif barbaachisan fooyyessuuf amaloota ‘nu’i’ jedhan mana keessanitti hojiirra oolchuu jalqabdaniirtu jedheen abdadha. Dhimmoonni itti aanan kun amaloota isin yaadachuufi hojiirra oolchuuf waadaa seenuu qabdaniidha.

1. Mootiiwwan Kanniisaa keenya yeroo ulfaa gara jalqabaarratti haqqee ittisuuf tursiistuuwwan xiqqoo xiqqoo deddeebi’anii akka nyaatanii ni gargaarrra; haadholeen lubbuu lamaaf jedhanii akka nyaatanillee niyaadachiisna

2. Yeroo ulfaa gara boodaa keessaa immoo, Mootiiwwan kanniisaa cimina argachuun nagaan akka ofkalan, daa’imman isaanis rakkoo malee akka dhalatan nyaata baay’isanii akka nyaatan ni gargaarra.

3. Mootiiwwan Kanniisaa akkuma dahaniin sa’aatii tokko keessatti daa’ima harma hoosisuu (silga kennuufi) akka jalqaban yookan hanga daa’imni ji’a jaha guututti aannan harmaatin ala nyaataafi dhugaatii biraa akka hinkennineef ni gargaarra.

4. Haadholeen boqannaaf, nyaata nyaachuufi daa’ima ishee nyaachisuuf yeroo gahaa akka argattu hojiilee mana keessaa hojjechuun gargaarra.

5. Abbootiin warraa, haadholeen warraa isaaniif nyaata gahaafi gabbataa karaa ittiin dhiheessan waliin mari’annee murteessina.

6. Daa’imman keenya yeroo ji’a jaha guutan nyaata dabalataa nyaachisuu marqaa furdaa, lallaafaa nyaatawwan ABBAA URJII waliin qophaa’e kennuufin eegalla.

7. Daa’immaniif guyyaatti nyaata sadiifi tursiistuuwwan 1-2 kennuufin ala, harma hoosisuullee itti fufna.

8. Daa’imman Kichuufi Abaaboon keenya guyyaatti yoo xiqqaate nyaatawwan ABBAA URJII-3 (bu’aalee beeyiladaa)tokko, yoo xiqqaate nyaatawwan ABBAA URJII-2 (kuduraalee ykn muduraalee) tokko nyaata yeroo yeroon nyaatan waliin nyaachuu qabu. Nyaanni isaan nyaatan lallaafaa, mi’aawaa akka ta’uufi anniisaa (energy) hedduu akka kennuuf nyaatawwan ABBAA URJII-1 (dhadhaafi zayita) itti makuufi qabna.

Gulantaa 7: Waadaa Seenuu fi Hojiilee Manatti Fudhatanii GalanAkkana jedhiin: “Namoonni fedhiidhaan waa’ee guyyoota 1000 jalqabaa wantoota walgahiiwwan kanneen

irraatti baratan galanii olloota, maattiiwwaniifi hiriyoota isaanitti himan akka harka baasatanin isin gaafadha.”

Namoota fedhiidhaan waa’ee akaakuu nyaata madaalamaa dhaadholee fi daa’imman waggaa lamaa gadii fooyyessuu, namoota birootti himuuf harka baasan baay’ina isaanii UNKAA GABAASAA MHG KEE KEESSATTI BARREESSI.

Hirmaattonni hundi faayidaa guyyoota 1000 jalqabaa, gitoota yookan olloota isaanii shan kan walgahiiwwan kanarratti hinhirmaatinitti akka himan gaafadhu.

Akkana jedhiin: Waadaa akkamii seenuu akka qabdan yoo hinbeekne, amaloota ‘nu’i’ jedhan kan reefu mar’anne qalbeeffadhaa. - Fakkeenyi muraasni kunooti:

1. Mootiiwwan kaannisaa ji’oottan ulfaa yeroo jalqabaa irratti miira locaa dandamachuu akka dandeessuuf tursiistuu xiqqoo deddeebitee akka nyaattuu fi lamaaf jettee akka nyaattu taasisuuf waadaa nan seena.

2. Mootiwwan kanniisaa, boqochuuf, nyaachuu fi daa’ima nyaachisuuf yeroo gahaa akka qabaattu hojii ishee gargaaruudhaan dhiibbaa hojii irraa hir’isuuf waadaa nan seena

3. “Beeyiladootaafi lukkuuwwan yeroo hunda daa’immanirraa fageessuuf waadaan seena. Lukkuuwwanis kophaattin mana hindaaqootti galcha.

4. “Qonnaan bultoonni daa’imman isaaniif nyaatawwan ABBAA URJII omishuu akka danda’an, wiirtuulee agarsiisaatti yookan iddoowwan hojii gamtaatti waa’ee omisha oddoo keessaa waliin haasa’uuf waadaan gala.”

5. “Beeyiladoota yookan lukkuuwwan harkaan tuttuqaa yookan oyiruu keessa hojjechaa erga tureen booda, harka kiyya bishaaniifi saamunaadhaan dhiqachuuf waadaan seena.”

6. “Daa’imman koo nyaata nyaachisuun dura yeroo hunda harka kiyya bishaaniifi saamunaadhaan dhiqachuuf waadaan seena.”

7. “Daa’ima kiyyaaf ashaanguliitotaafi meeshaale miidhaa hinqabnee; kan saamunaafi bishaaniin dhiqaman kennuuf akkasumas wantoota bobbaa namaafi kosii beeyiladootaan faalaman bira akka geenye eeguuf waadaan seena.”

8. Wal madaaluu dhabuun nyaata hoodholee fi qancaruu daa’immanii hir’isuuf , faayidaa guyyoonni 1000 jalqabaa qaban, namootan ollaa koo jiran hundatti himuu ittin fufa.

Yaaddhaa: Hirmaattonni fakkeenya olitti dhihaate kanarratti hundaa’uudhaan, waadaa mataa isaanii akka seenan JAJJABEESSI. Hundi isaanii dabaree dabareedhaan waadaa seenan uunka waadaa seenuu irratti guutaa

Akkana jedhaani: Guyyoota itti dhiyoo dhufanitti wantoota barattan haala kamiin hojiirra oolchaa akka jirtan baruuf namoota biroo waliin mana manarra adeemuun akka ilaalan ibsaafii.

Gulantaa 8: Guduunfaa Hirmaattonni hirmaannaa ho’aa taasisaniif galateeffadhaan yeroo dhiyootti sagantaa eebbaa

qophaa’e irratti akka wal agartan ibsaafii

Page 5: Mata-dureewwan Ijoo Kutaa Kanaa Meeshaalee barbaachisan · 2018-03-01 · gosa beeyladoota daa’imman keessaniif kennuu kan jalqabe? 4. Meeqan keessantu marii turban darbee booda