mata-dureewwan ijoo kutaa kanaa meeshaalee barbaachisan facilitators guide... · mata-dureewwan...

4

Upload: others

Post on 09-Jan-2020

33 views

Category:

Documents


1 download

TRANSCRIPT

Mata-dureewwan Ijoo kutaa kanaa Meeshaalee Barbaachisan

Nyaatawwan ABBAA URJII hanga isaa baay’isuudhaan akka nyaata dabalataatti deddeebi’anii kennuufi.

Sossobanii obsaan daa’ima nyaachisuu

Waa’ee karoorfannaa galii maatii fi bittaa nyaatawwan ABBAA URJII miseensota maatii waliin mari’achuu

Poostara nyaata dabalataa ABAABOO

Gulantaa 1: Baga nagana dhuftanii Akkana jedhi: “MHG Kutaa 9ffaa waa’ee guyyoota 1000 jalqabaa kanaaf baga nagaan dhuftan.”

Gulantaa 2: Keessa deebii sagantaa marii darbee 1. Marii Hawaasaa Gabbataa darberratti, maatiiwwan daa’imman KICHUU GUGUDDOO marqaa furdaa fi

nyaatawwan ABBAA URJII daakaman guyyaatti nyaata idilee sadiifi tursiistuuwwan lama nyaachisuudhaan haala gaariidhaan akka guddatan gargaaruuf maal gochuu akka qaban baranneerra.

2. Daa’imman KICHUU GUGUDDOO fi ABAABOO nyaatawwan ABBAA URJII 3, ABBAA URJII 2 fi ABBAA URJII 1 akaakuu akkamii guyyaa guyyaan nyaachisuu akka qabnu baranneerra.

Daa’imman kichuu guguddoof tapha nyaata guyya-guyyaa karoorsuu fi mari’achuu shaakaluuf, tapha qophii karoora nyaata daa’imaa taphanneerra. Mee amma walgahii darbeen booda yeroo isin wantoota kana mana keessanitti yaaltan haal ture ilaalchisee muuxannoo wal haa jijjiirru:

3. Meeqan keessantu poostara nyaata dabalataa Kichuu GUDDAAF qophaa’eabbaa warraa/haadha warraa fi miseensota maatii isaa/isheetti agarsiise?

4. Meeqan keessantu, qajeelfama poostarichaarratti hundaa’uun, daa’ima KICHUU keessan nyaatawwan ABBAA URJII-3 (bu’aalee beeyiladaa)

5. nyaatawwan ABBAA URJII-2 (kuduraaleefi muduraalee) akkasumas nyaatawwan ABBAA URJII-1 (dhadhaafi zayita) dabaluudhaan akka nyaatan kan taasiftan?

6. Meeqan keessanitu daa’ima KICHUU keessan guyyaatti nyaata idilee sadi fi tursiistuu 1 akka nyaatu kan taasiftan?

Yaadadhaa: Baay’ina namoota wantoota kana raawwatanii UNKAA GABAASAA IRRATTI BARREESSI.Gulantaa 3: Mata-duree har’aa beeksisuu: Daa’imman ABAABOO (Ji’a 12-24)

Akkana jedhi: “Muuxannoo keessan nuu qooduu keessaniif ulfaadhaa! Garee akkanaa keessa jiraachuun gaarummaan isaa namoota nu gargaaruu danda’an of biraa qabaachuu keenya.

Waa’ee daa’imman Kichuu guguddoo nyaachisuu wayita maatii keessan waliin mari’atan, namoota rakkooleen quunname gargaaruuf namni yaada furmaata qabu jiraa?

Namoonni 3 hanga 5 ta’an yaadaa furmaataafi muuxannoo isaanii akka qoodan JAJJABEESSI.

ABAABOO (Ji’a 12-24) KUTAA 9

Gulantaa 3: Mata-duree har’aa beeksisuu: Daa’imman ABAABOO (Ji’a 12-24)

Gaaffii: Filiipchaartii irraa maaltu isinitti mul’ata

Deebii: Daa’ima gammadaa, nyaata gara garaa, Abaaboo

Gaafadhaa: Daa’ima Abaaboo yeroo jennu maal jechuu akka ta’e eenyutu nutti himuu danda’a?

Daa’imman keenya wayita umriin isaanii ji’a 12-24 guute daa’imman Abaaboo jedhamu. Yeroo kana nyaata hangi isaa baay’ee ta’e, amma amma nyaachuu qabu. Kanamalees, nyaata xixiqqaatanii mummuraman ofuma isaaniiti harkaan nyaachuu ni danda’u.”

1. Ofiif ka’anii dhaabachuu, deemuu yookan yeroo tokko tokko fiiguu jalqabu

2. Waa baruuf fedhii guddaa horatu, wantoota adda addaa butuufi afaan kaa’achuun sakatta’u

3. Of danda’anii nyaachuufi wanta namoonni guguddoofi hangafoonni isaanii raawwatan hojjechuu yaalu

4. Jechoota muraasa dubbachuu fi waan nuti dubbannuu hubachuu isaanii mul’isuu jalqabu

5. Ilkaan sirriitti magarsu-jechuun ilkaan haaraa baay’ee magarsu.

Akkana jedhi: “Daa’imman Abaaboon yeroo guddachaa dhufaniifi caalaatti dammaqina horatan, guyyaatti nyaata idilee sadiifi tursiistuuwwan lama nyaachisuu qabna. Yoo xiqqaate nyaatawwan ABBAA URJII-3 tokko jechuunis bu’aalee beeyildaa waan akka foonii, hanqaaquu, foon lukkuu, qurxummii yookan aannan nyaata isaanitti makuun nyaachisuu qabna.”

Akkana jedhi: “Nyaanni bu’aa beeyiladaa ta’an hedduun isaanii aayiraniidhan kan badhaadhan waan ta’aniif, daa’imman dandeettii qaamaafi sammuu akka horataniifi dhukkuba hir’ina dhiigaan akka hinqabamne gargaaru.

Nyaata bu’aa beeyiladaa ta’an xixiqqeessitanii mummuruudhaan yoo kennitaniif daa’imman abaaboon nyaachuu danda’u.”

Akkana jedhi: “Daa’imman ABAABOO keenyaaf, nyaatawwan ABBAA URJII-2 kanneen akka maangoo, paappayyee, muuzii yookan avokaadoo akkasumas kuduraalee kanneen akka raafuu, qoosxaa, kaarotii, dinnicha dammee, dabaaqula (buqqee) fi timaatimas kennuufi qabna.”

Nyaatawwan ABBAA URJII-3 kanneen keessaa yoo xiqqaate tokko daakuudhaan

guyyaatti yeroo tokko marqaatti itti makna.

Nyaatawwan ABBAA URJII-1 kanneen keessaa yoo xiqqaate

tokko itti makna:

Nyaatawwan ABBAA URJII-2 kanneen keessaa yoo xiqqaate

tokko itti makna

Muu

zii yookan avokaadoo

Dabaaqula fooniin

Hanqaaquu daa

bboo

n

Din

nich

a da

mm

ee aan

nan waliin

Shiroo Raafuudhaan

Ciree

Laaqana

Irbaata

Ebellesoo

SIRNA NYAATAA DAA’IMMAN ABAABOO

Tursiistuu

Gaaffii: Filiipchaartii irraa maaltu isinitti mul’ata

Deebii:- Dubartii meeshaa harka dhiqannaa kan bishaan qusatu hojjettu…. Poosterii WAASH

Gulantaa 4: Sossobanii obsaan daa’imman ABAABOO nyaachisuu Akkan jedhi: “Daa’imman Abaaboon nyaata xixiqqaatee mummumurame nyaachuu akkasumas hordoffii

nama jabaan harkuma isaaniin nyaachuu danda’u.”

Akkan jedhi: “Daa’imman keessan nyaachisuuf yeroo kennaa. Daa’imman Abaaboo yeroo nyaachistan, itti sesseequun, mimil’achuu fi itti haasa’uun barbaachiisaadha. Haalli kun dandeettii isaanii gabbisuufillee gumaacha qaba.”

Akkan jedhi: “Daa’imman Abaaboon hangafoota isaanii waliin sahanii tokkorratti akka nyaatan hintaasisinaa. Daa’imman guguddatan daddaffanii nyaatanii osoo isaan hinquufin jalaa fixu.”

Akkan jedhi: “Daa’imman abaaboofqabee yookan sahanii mataa isaanii qopheessaafi. Nyaata hanga isaan gahu safartanii kennuufiin akka nyaatan obsaan nyaatanii xumuran bira taa’aa jajjabeessaa.”

Akkan jedhi: “Daa’imman Abaaboon nyaata maatiin nyaatu akka baran, buddeen xiqqoo ittoo fooniin yookan ittoo kuduraaleen faffatuun nyaachisuun jalqabsiisuu dandeessu.

Gulantaa 5: Meeshaalee fi Hojiilee manatti fudhatanii galan Akkan jedhi: “Har’a waa’ee sadarkaa ABAABOO fi daa’imman abaaboon fayya-qabeeyyii, ciccimoo fi

qareeyyii ta’anii akka guddatan nyaata nyaachuu qaban irratti mari’anneerra.”

1. Poostara ABAABOO hirmaattotaaf qoodi.

2. Odeeffannoo poostaricharra jiru hunda dubbisuun ibsiif.

Hirmaattonni poostara ABAABOO fudhattan, galanii abbaa warraa/haadha warraafi miseensota maatii isaanii birootti agarsiisanii fi daa’imman ABAABOON nyaatawwan ABBAA URJII daakamanii fi haalan xixiqqaatanii mummuraman guyyaa guyyaan akka nyaatan maatiiwwan isaanii karaa gargaaruu danda’an akka mari’atan gaafadhu.

Akkana jedhi: “Wantoota kana abbaa warraa/haadha warraafi haadha yookan amaatii keessanitti yeroo himtan haala ture namoonni fedhiidhaan walgahii dhufurratti nuuf gabaastan mee harka baasaa”

a. Poostaraa ABAABOO fudhattan, abbaa warraa/haadha warraafi miseensota maatii keessaniitti kan agarsiistanii fi maalummaa erga achirra jirus maatii keessaniif hiruuf kan fedhii qabdan?

b. Poostara ABAABOO keenyaa (gidgiddaa) mana keessaniitti kan maxxansitani?

c. Wayita daa’imman ABAABOO nyaachistan, obsa godhachuufi yeroo gahaa kennuudhaan akka nyaatanmiseensa maatii keessaniif kan ibsitan?

d. Daa’imman ABAABOON meeshaalee xuraa’an afaaniin akka hin qabne, kosii beeyiladootaa akka hin liqimsine, harkaa fi fuula isaanii yeroo yeroon saamunaa fi bishaaniin dhiquudhaan eeguu barbaachisa akka ta’e miseensa maatii keessaniif kan ibsitan?.

Wantoota olitti ibsaman kanneeniif hirmaattonni meeqa akka harka baasani lakkaa’uudhaan, baay’ina isaanii yaadannoo keerratti barreessi.

Gulantaa 6: Cufiinsa1. Walgahiin itti aanu yoom akka ta’e yaadachiisi.

2. Hirmaattonni hirmaannaa ho’aa taasisaniif hunda isaanii galateeffadhu