na ofkolchaa! - biiroo aadaafi tuurizimii oromiyaa gabaabaa... · hordofuun bara afaan oromootiin...

73

Upload: others

Post on 23-Sep-2019

96 views

Category:

Documents


15 download

TRANSCRIPT

Page 1: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa
Page 2: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa
Page 3: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa
Page 4: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa
Page 5: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa
Page 6: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa
Page 7: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa
Page 8: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa
Page 9: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa
Page 10: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Carraa gara addunyaa kanaatti

dhufuu

Garaagarummaa ogummaa uumamu

Milkaawuufi milkaawuu dadhabuu

Bu’aa milkaayinaa

Page 11: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Ogeessaafi Ogummaarratti qorannoo

adeemsisuun fakkeenyummaasaanii

mul’isuraatti hanqinni guddaa kan

mul’atu ta’uu,

Beekamtii kennuun kan hin baramne

t’uu,

Page 12: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Kunis ilaalcha gadi aanaa hawaasni

qaburraa kan madde ta’uu.

Mootummaan ilaalcha kana jijjiruun

ogummaa kanaaf xiyyeeffannaa kennaa

waan jiruuf seenaa Artist Laggasaa Abdiifi

hojii muuziqaasaa qorachuun beekamtii

argachuu barbaachisuunsaati

Page 13: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Gaaffilee Qorannoo kana keessatti

gabaabinaan deebisuuf Yaalaman

Laggasaa Abdii eenyu?

Bakki Laggasaa Abdii muuziqaa Oromoo

keessatti qabu maali? Akkamitti ibsama?

Page 14: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Hojiiwwan muuziqaa Laggasaa Abdiitiin

hojjetaman keessaa ijoo kana ta’an kam

kamii? Maaltusa adda isaan godha?

Hojiiwwan kunniin uummata Oromoof

bu’aa maal buusaniiruu? Kan jedhaman

ta’u.

Page 15: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Kaayyoon Gooroo qorannoo kanaa Seenaa

jireenyaafi hojiiwwan muuziqaa Artist

Laggasaa Abdii jireenyaasaa keessatti

raawwate gababinaan sakkatta’uun

qorannoo kanaan agarsiisuun, beeksisuufi

fakkeenyummaasaa ibsuun beekamtii

akka argatu haala mijeessuudha.

Page 16: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Seenaa jireenyaa Artist Laggasaa Abdii

gabaabinaan sakatta’uun qorannoo kanaan

beeksisuufi dhalootaaf akka darbu gochuu,

Hojiiwwan guruddoo inni hojjeteerratti

qaacceessa adeemsisuun akka inni

hubatmu gochuuf,

Page 17: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Fakkeenyummaa gaarii qabu agarsiisuun dhaloonni

akka hubatee irraa barachuun hojii biyyaafi lammiif

fayyadu hojjechuuf akka kaka’umsa argatee sochii

guddina aadaafi artii godhamu keessaatti

hirmaannaasaa akka cimsu gochuuf,

Artisti kanaaf beekamtii qorannoorratti hundaaye

kennuun hamlee artistichaa, maatisaa, leellistootsaafi

namoota hojii walfakkaatan irratti bobba’an cimsuuf,

Page 18: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Qorannoon kun hojiiwwan artisti

Laggasaa Abdii hojjeteefi seenaa

jireenyasaa gabaabinaan kaasuun

beekumtii kenuun akka danda’amuuf

qorannoo kana adeemsuun

barbaachisaa ta’ee argameera.

Page 19: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Qorannoon kun Seenaa jireenyaafi

hojii gurguddoo Artisti Laggasaa

Abdii hojjete gabaabbinaan

sakatta’uun beeksisuurratti kan

xiyyeeffatedha.

Page 20: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Ragaalee qorannoo kana adeemsisuuf

barbaachuurratti godhamaa ture keessaatti dhabinsi

ragaa hanqina isa guddaa yoo ta’u, inni

afgaaffiidhaanfi hadaarsa addaddaarraa argame

keessumattuu seenaa jireenyaa artistichaa yeroo

ibsamu barri odeeffattootaan abbaa dhimmichaa

dabalatee eeramu garaagarummaa kan qabuufi kan

hin beekamne ta’uunsaa akka hanqina qorannoo

kanaatti ilaalameera.

Page 21: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Qorannoo kun toftaa Qorannoo Akkamtaa

/Qualitative Research method / irratti

xiyyeeffatee mala iddattessuu /Snow ball

sampling method/ kan adeemsifamedha,

Page 22: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Kanarratti hundaawuun ragaawwan Jalqabaa

/Primary data/ fi Lammeessoo /Secondary data/

tti fayyadamuun yaalameera.

Haaluma kanaan barreeffamoota addaddaa,

Haddaarsaalee /Archive/TVfi Raadiyoo,

hajala/Cassette / addaddaa istudiyoo keessattiifi

waltajjiirratti waraabaman, Wabsite irraa argaman

sakatta’amanii xiinxalamaniiru.

Page 23: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Dabalataan aafgaaffii banaa abbaa

dhimmaa, maatii, beektota ogummaa

kanarratti hojjetan gaafachuun

qaama qorannichaa gochuun

yaalameera.

Page 24: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Ragaaleen dureessoofi lammeessoodhaan walitii

qabaman kan qaacceeffaman Ibsuudhaani.

Seenaa gabaabaa jireenya Artist Laggasaa Abdii.

Artist Laggasaa Abdii bara 1927 ( waggaa 82n) har’aa

Godina Shawaa kaabaa /Salaalee bakka Yaayyaa

Qacamaa jedhamutti abbaasaa obbo Abdii Daadhiifi

haadhasaa aadde Foollee Guddataaraa dhalate.

Laggasaa Abdii maatiisaaf tokkicha.

Page 25: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Laggasaa Abdii hiriyyaa abbaasaa kan ta’e

Wasanuu Diidoo yennaa masinqoo taphatu

argee dandeettiisaatiin booji’amee jalajala

deemuun maasinqoo taphachuu kan

barateefi umriinsaa gara waggaa digdamaa

yoo ta’u, Wasanuu wajjin gara Finfinneetti

dhufuun mana Tiyaatiraa Hagarfiqiritti

sirbuu kan eegale ta’uu yoo ibsu,

Page 26: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

namichi Mollenhauer, Shawn Michael (

2011:81, ALA) qorannoo digirii sadaffaa

(PhD) Philoosofi guuttachuuf muuziqaarratti

adeemsise keessatti akka ibsetti, Around age

twenty Legesse went to Addis Ababa and

joined the National Guard... Legesse

informed his superiors that he had “other

talents” which may be made use of, referring

to his instrumental and vocal skills..

Page 27: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

His skills were made use of, as he

was eventually playing for the

powerful leaders of military and

government, even Haile Selassie

himself jechuun barreesseera.

Page 28: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Laggasaa Abdii yeroo garagaraa Mana

tiyaatiraa Hagarfiqir, Tiyaatira

Biyyaalessaa, Mana Tiyaatiraafi Aadaa

Magaalaa Finfinnee , Orkestiraa Poolisii,

Kibirzabanyaafi hoteela Hiltan keessaatti

kan hojjete ta’uu gaaffiifi deebii wajjin

gaggeessineefi dhaabbilee Sabqunnamtii

wajjin adeemsiseen ibseera.

Page 29: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Gara orkestiraa poolisiitti kan deemani

Tiyaatira biyyaalessaarraa Laggasaa Abdii

; Hagarfiqirirraa Damissee Dastaa (

Bganaa) , walitti camaduun akka hojjetan

godhamee akka ture ni ibsama.

Page 30: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Irra caalaa garuu nama hojii ofiin ummachuun

jireenyasaa gaggeessaa ture /entrepreneur/

ta’uusaa hojii iddoofi haala otoo hin filatiin

bakkeewwan bashannanaa, cidhaa hanga

waltajjiiwwan gurguddoo ummataafi

mootummarratti taphachuun guddina Aadaa

Oromootiif kan dhama’e ta’uu namoonni ragaa

ni bahuuf.

Page 31: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Laggasaa Abdii fakkeenyummaa Wasanuu Diidoo

hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti

haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara

namni maqaasaa maqaa afaan Oromoorraa afaan

Amaaraatti jijjirachuuf dirqamaa turetti dhiibbaa kana

keessa darbuun yeroo wagoota jaatamatti

shallagamaniif tajaajiluun guddinaafi beekamuu aadaa

Oromoo keessummaayyuu kan naannoo salaaleef

shoora ol’aanaa kan taphatedha.

Page 32: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Hojiiwwan kanaanis ummata

Oromoo biratti jaalala guddaa yoo

argatu , namoota hojii walfakkaatu

hojjechuu barbaadan biratti

fakkeenya gaarii ta’ee jiraateera.

Page 33: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Laggasaa Abdii bakka cidhaatti, mana

bashannanaatti , waltajjii ummataa

gurguddoorrattifi manneen tiyaatiraatti hojii

dhiyeessaa ture lakkaayamee hin dhumnetti

dabalamee sirboota Shakilaa 1, kaassettii 11, CD

tokkoo fi VCD tokko maxxansiisuun gabaaf

dhiyeessee jira. Kunis guddina aadaa Oromoo

keessaatti shoora mataasaa taphachaa akka jiru

hayyoonni ni eeru.

Page 34: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Boodarras Lammaa Gabrehiywoot , Ayyaalew

Yimanuu, Werotaawu Wubet, Melakuu

Gelaaawufaa wajjin ta’auun bara 1970 keessa

Yetebaaberuut Yehagerbahil muuziqaa Guuwaad

kan jedhamu hundeessanii hojjechaa erga turanii

booda waldichi hojiisaa itti fufuuf rakkoon

maallaqaafi bulchiinsaa waan isa qunnameef

diigamuu danda’eera.

Laggasaa Abdii sirboota addaddaa Xilahuun

Gassasaafi kan biroof kennee akka ture ni ibsa.

Page 35: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Laggasaa Abdii waa’ee muuziqaa tokkollee otoo

hin baratiin rukuttaa muuziqaa biyya keenyaa

arfanu (Yaadannoo/Tizitaa , anchiwoyyee,

Baatii, Ambaasal) adda baasee yoo taphatu

warra kaan ni tuffachiisa.

Alamaayyoo Fantaadhaan masinqoo taphachuu

kan barsiise isa ta’uu Laggasaa Abdii mataasaa

ni dubbata.

Page 36: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Laggasaa Abdii hojii beeksisaa Wubshet

Warqaalammawu wajjin hojjechaa kan ture ta’uu

ni ibsa.

Laggasaa Abdii hanga kutaa jahaatti kan barate

yoo ta’u, Amajjii 24 bara 1952 hadhawwarraasaa

Ijigee Abbabaadhaan Magaalaa Finfinneetti

fuudhee ijoollee sagal kan godhateefi isaan

keessaa dhiirri afuriifi dubartoonni sadii

lubbuudhaan jiru.

Page 37: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Yenaa maqaan Laggasaa Abdii ka’u dursee sammuu

namaatti kan dhufu Masinqoosaati. Masinqoo

jaalala faarsitee gabbistu, misooma labsitee

guddina fedhamuuf nama qopheessitu, aadaa

leellistee dagaginasaaf faana dhooftee daandii

saaqxu.

Qaacceessa koo keessatti hojii muuziqaa Laggasaa

Abdii bakka shanitti qoodeen ilaaluu yaala.

Page 38: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Masinqoon anaaf jedha Laggasaa Abdii “Hiriyyaa

koo, bu’ura jireenyakoo, yoon yaadni na gale

kanan ittiin mukuu bawu, yoon aare kanan ittiin

qabanaawu, Yoon wollole deebisee kanan ittiin

araara buusu, yoon rakkadhe kanan ittiin

rakkinakoo salphisu keessumaayyuummoo anaafi

ummatakoo jidduutti yeroo kamiyyuu du’aattis

ta’e jiraatti riqicha jaalalaa taatee kan na

tajaajiltudha jedha.

Page 39: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Qorannoo kana adeemsisuuf Bitootessa 30 bara

2009 gara manasaanii magaalaa Finfinnee,

naannoo Abneti yoon dhaqu, kanan arge Laggasaa

Abdii kursiirra taa’ee Masinqoonsaammoo gara

harka mirgaarra ol siqxee footoo Alii Birraa wajjin

ka’an guddaa tokko cinaa fannifamtee mul’atti.

Dhugumayyuu hiriyyaa yeroo hundaa.

Page 40: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Amma garuu rakkoo fayyaa isa

mudateen inniifi masinqoonsaa ijaan

wal ilaaluu yoo ta’e malee akka durii

wal haasofsiisuu hin danda’ani.

Kan wal oodan fakkatu.

Page 41: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Ormoon yoo hirribaa ka’u oolmaansaa akka

milkaawuuf waaqasa ni kadhata.Yeroo nyaatatti

dhiyaatu akka sifaawuuf ni eebbifata. Waaqani

nagaan oolche nagaana akka isa bulchu sireessaatti

yoo bawu ni eebbifata. Yaa’ii yoo taa’u akka dhugaa

isa dubbachiisuuf, akka loogiirraa isa hambisuuf

eebbaan waaqa isa uumetti ergaasaa dabarfata,

Page 42: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Gadaa yoo bulfatu barrisaa bara Gadaa nagaa

akka ta’u, haqaan ummatasaa wajjin akka

bulu, bara nagaa bara badhaadhinaa akka

godhuuf eebban waaqasaa kadhata.

Hunduu waaqaan ta’a jedhee waan amanuuf

eebba waaqaan Oromoo jalqabbiisaa

bareechata, Daandii tolfata.

Page 43: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Laggasaa Abdiis waltajjiitti yeroo bawu

eebbaan afaansaa sileffata.

Masinqoosaatiin miidhagifatee.

Anis qaacceessikoo akka naaf milkaawuuf

isa hordofaa maqaa Rabbii waamaa haa

jalqabu .

Page 44: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Fkf. Naananaa, nananaa, nananaa, nananaa,

Hadaraa yaa rabbii sumatti watwataa,

Ergaan Rabbii dhuftee yaa lubbuu attam taataa!

Maaltu Rabbii, Maaltu Rabbii caalaa,

Kan garaan fittaalaa.

Ganna gumgumaakoo,

Abbaa hundumaakoo.

Roobdee biqilcitaa,

Jejee dhidhimsitaa.

Page 45: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Rabbi yaa hundaakoo-----

Jabanaan hin cabne kan haadha

ashamaatii,

Hin ajjeesa malee gooftaa ofii hin duunee,

Nagaroon hundumti (kan Rabbi jabaati)2,

Maaltu Rabbiin morka,

Nama cabsa corqaa.

Page 46: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Ijaan dhalatanii jaamaa nama godha,

Miilaan dhalatanii cabaa nama godha.

(Maaltu Rabbiin morkaa?)2

Rabbi yaa guddaako abbaa hundumaako,

Ajjeerraa galabaa maa dhimphifti mannii,

Lubbuu du’a hin oollee, xuurii dhuma hin

oollee (Maa waljibba namnii)3 jedha

Page 47: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Walaloon kun bay’eensaa kan ittiin

sodaachisan fakkaata.

Garuu namni lafa kanarra jiraatu karaa

waaqani jaalatauun yoo adeeme jirenyisaa

lafarrattii, lubbuunsaa waaqarratti kan

ulfaatuuf ta’uu agarsiisa,

Page 48: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Ta’uu baannaan garuu faallaansaa akka

uumamu akeekkachiisa. Namni jaalalaan lafa

kanarra yoo jiraate hunduu akka mijaawuuf

gorsa.

Walaloo safuufi ilaalcha Oromoo tilmaama

keessa galchuun masiqoodhaan qindaayee

faayidaa ummataafi guddina aadaa Oromoof

akka oolu gumaachame.

Page 49: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Walaloowwan kunniin kan ummataa ykn

afoolarraa kan fudhataman jennee yaaduun keenya

hin oolu. Akka miidhagee gurra namaa seenuun

miira namaa kakaasee fudhatama argatuuf darbee

darbee himoonni tarreeffaman tokko tokko si’a

lama ykn sadii irra deedeebi’amanii sirbamu.

Tarreeffama himootaa toftaa milkaayina hojichaa

dhugoomse ta’ee argama. Kunimmoo dandeettii

namicha haalaafi akkaataa itti fayyadamee

mul’isuun ciminasaa mirkaneessa.

Page 50: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Masinqoon ittiin taphatama malee akkamitti

hasofisifamaa namni jedhu jiraachuu ni danda’a

ta’a. Masinqoo haasofsiisuun kan inni dura

jalqabame Wasanuu Diidoodhaan yoo ta’eyyuu

laggasaan garuu fakkeennyummaasaa fudhachuun

akka itti fufuufi guddatu akkasumas qabiyyeensaa

haala yeroo wajjin guddataa deemu godhee jira.

Page 51: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Haasaa masinqoo kana keessaatti bakka bu’insa

fudhacchuun afaan masiqootiin haasawuun kan

nu dhageessisan, nama, beelledoota manaafi

caakkaa akkasumas allaattiiwwani.

Kana keessatti dagatamuu kan hin qabne

Wasanuu Diidoo ogummaa ammaa Laggasaa

Abdiif daandii kan saaqeefi

fakkeenyummaasaatiin sadarkaa kanaan kan

gaye ta’uu ibsa.

Page 52: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Fkf.Laggasaa :-Yee Masinqoo

Masinqoo:-I

Laggasaa :-Namni waljaalate maal jedhaa?

Masinqoo:-Lubbuuko jedha.

Laggasaa :-Lubbuuko Jedhaa?

Masinqoo:-Lubbuuko jedha.

Laggasaa:-Namni waljibbewoo?

Masinqoo:-Lakki lakki Jedha.

Laggasaa:-Lakki Lakki jedhaa?

Masinqoo:-Lakki lakki jedha.

Page 53: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Laggasa:-Yee Masinqo

Masinqoo:-I

Laggasa:-Handaanqoon akkamitti iyyitii?

Masinqoo:-Kukuluu jetti.

Laggasaa:-Akkana jettii?

Masinqoo:-Akkana jetti.

Laggasaa:-Yee Masinqoo

Masinqoo:-I

Laggasaa:-Yee masiyyoo

Page 54: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Laggasaa:-Galgalli Yoo gaye waraabessi akkamitti

yuusaa?

Masinqoo:-Uwuu---Uwuu jedha.

Laggasaa:-Akkana jedhaa?

Masinqoo:-Eeyyee akkana jedha

Akkas jechaa itti fufuudhaan Masinqoon sirbaaf

kan uumamte ta’uu agarsiisuuf sirbaafi ililchaan

xumuru haasahaasaanii.

Page 55: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Kana keessatti kan agarru masinqoo

haasofsiisusaa qofaa miti.

Masinqoosaa yeroo hasofsiisu maasinqoosaaf

jaalala kan qabu ta’usaa yee masinqoo,

yeemasiyyoo jechuun jaalalaan dubbisa.

Jaalala kenneefii nuti warri dhaggeeffannu

masinqoo qobaatti haasahaasaanii

lamaanimmoo waliin akka jaalannu nutti otoo

hin beekiin nu dirqisiisa.

Page 56: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Mararfatee akka mararfannu nu godha

artistiin keenya guddaan Laggasaa Abdii.

Itti aansees Akana jettii? Eyyee akkana jetti

jechuun hasahaasaanii dhamdhamaafi

hubannoo akka argatu gochuun miidhagina

haasahaasaanii ol gudduisa.

Dandeetti guddaa haasahaan (dialogue) ittiin

barreeffamu.

Page 57: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Laggasaa Abdii masinqoosaa qabatees ta’e otoo

hin qabatiin hojiinsaa orkestiraatiin qindaayee

akka taphachaa ture namni baay’ee kan beeku

natti hin fakkaatu.

Haa ta’u malee irra caalaa innis kan jaalatu inni

kaanis kan dinqisifatuun Masinqoo tokko akka

orkestiraa tokkootti fayyadamuun haata’uufi

jaalala ummataa argachuusaati.

Page 58: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Sabanisaas jedhu ogeeyyonni muuziqaa tokko

tokko walaloon beektotaan barreeffamee

,yadaloon filatameefi meeshaa muuziqaa hedduun

orkestiraadhaan qindaayee kan hin milkoofneef

akka jiru ibsuudhaan iccitiin milkaayina laggasaa

Abdii dandeettii addaa meeshaa muuziqaa

taphachuufi kilolummaan sagaleesaa wal

dhgusaati jechuun ragaa bawuuf.

Hojii hafee hin qabneefi daangaa jabanaan hin

daangeffamne.

Page 59: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Haala kana feesivaalli aadaa akka naannoo keenyaatti

yeroo jalqabaaf Mana Tiyaatira Biyyaaleessaa

Itiyoophiyaatti qophaaye kan arge qorataan PhD

duraan eere dinqisifannaasaa haala adda ta’een

akkasitti ibseera. When Legesse came up to play,

everyone went wild. Mollenhauer, Shawn Michael (

2011:81, ALA).

Simannaa argachuu olitti badhaasni daawwattootarraa

kennamuuf heddummaachurraa kan ka’e utubaa

jireenyasaa ta’ee tajaajilaa tureera. Haala sirbitoota

kamirrayyu adda ta’een.

Page 60: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Waa’een badhaasaa yoo ka’e Laggasaa Abdii yeroo

mana Tiyaatiraa Hagar Fiqiritti hojjetu guyyaatti birrii

17 akka miindaattis akka durgootti yeroo kanfalamuuf

badhaasni argachaa ture funaanamee manichaaf gala

ture.

Kanatti kana aare Laggasaan birri lafa bubu’e ittiin

qabuuf kopheessatti haphee (maastkaa) dibee yennoo

itti qabatu fudhatee bayee mana fincaanii seenuun

achitti irraa hurgufee fudhachuun ittiin jiraataa ture.

Qabsoo dhiibbaa qolachuuf raawwatame.

Page 61: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Laggasaa Abdii walaloo dursee barreessuun hin

sirbu.

Tasa sammuusaa keessatti uumee haala jiru wajjin

wal simsiisee sirba malee.

Galmi abbaa Gadaa magaalaa Adaamaatti ijaaramee

yeroo eebbifamu sirbi sirbe kanuma kan

mirkaneessu ta’uu akka fakkeenyaatti dhiyaateera.

Page 62: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Fkn 1 Walii galaa yaa nama keenyaa,

Waan Ormaa maa qabannee teenya,

Waan Oromoon jedhu dhageenya.

Luccaa mataa gootaa qaqqabaan xureeche,

Yaa waaqi si galata ilmaan hanOromoo,beektotaa

Oromoo,yamootii Oromoo, kan waliin nu geeche,

Kaan Baalee yaamtee, kaan Harargee yaamtee, kaan

Wallaggaa yaamtee,kaan Shawaa yaamtee,

Lafa cittuu, cittuu, Galma Abbaa Gadaa kan waliin nu

geeche,

Page 63: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Waaqi si galata yaa rabbi muudaakoo,------------

Galma Abbaa Gadaa kan waliin nu geeche,

Yaa waaqi si galata,

Galma Abbaa Gadaa mana waaqni ajjeere,

Isheen in qindeechu,

Nama rabbi shoomee hamiin hin xinneechu.

Page 64: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Fkny 2.Laggasaa Abdii guyaa tokko istudiyoo keessatti

sirbasaa waraabsisuu dhaqee Darartuu Tulluu Sidiiniitti

Figichaan mo’achhushee dhagayee yeruma sana akkas

jedhee sirbe,

Yaa Yaamii Birraatuu, Abbabaa Biqilaa,gandi Maammoo

Waldee yaa korommii durii,

Yaa korommii durii gangalachaa ooli gaangoon garaa hin

gattu,

Qaqallachaa ooli intala Oromiyaa ya Daraartuu Tulluu

sanyiin gaarii hin baddu,

Page 65: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Sanyiin gaarii hin baddu tadhiin gama kaatte,

Yaa daraartuu Tulluu” ishiin dhiira caaltee”

Ishiin dhiira caaltee, ejersi goggogee shimala naa murii,

Maafan faarsuu didaa ya Yaamii Birratuu, ganda

Maammoo Waldee, Abbabaa Biqilaa ya korommii

durii, ya korommii durii,

Adiin gama kaattee ya Daraartuu Tulluu, kaattee hunda

caaltee. Jedhee sirbuusaa dinqisifannaadhaan ragaa

bawuuf.

Page 66: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Fkn 1. Gabaree jijiituu ,gabaree jijiituu, qotiyyoo jijiituu,

Midhaan nyaatan malee, bishaan dhugan malee,

aduun namaa hin dhiitu, kan dhiite hin bariitu.

Qoti yaa qotiyyoo yaa qottuu migiraa, qottuu misiraa,

Lubbuun ilma namaa” abdiikeetiif jira”.

Nanaa nanaa , nananaa,

Warqiin hin moofaya, meetiin hin moofaya, yaa meeti

hin moofofnee,yaa meetii abashaa,

Jirtaa yaa maarashaa, jirtaa yaa maarashaa,

Page 67: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Kan xaafii mul’istuu, kan garbuu mul’istu, kan

duudaa dubbisu, midhaani midhani,

Warri midhaaan hin qabne iju imimmaani.

Filaan mataa filee, mataan filaa filee,

Yaa handhuura biyyaa, biyya Itoophiyaa,

naannoo Oromiyaa, yaa biyya Finfinnee,

Yaa biyya Finfinnee, yaa biyya Finfinnee,

Page 68: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Bokkeenyi yoo roobuu weerrarri gumguma

Naannoo Oromiyaa , biyya Itoophiyaa gannis

asheetumaa,bonnis asheetumaa,

Maaltu jalaa dhumaa,

Kattaa laga cabee

Naannoo Oromiyaa maaliif faarsuu didaa

biyya Odaa Nabee.

Page 69: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Shiqirqirii kiyya biyya Itoophiyaa,

naannoo Oromiyaa

Biyya dhiira qabu, biyya midhaan qabu,

Biyya jaarsa qabu, kan dargaggoo qabu

jechuun jaalala qonnaan bulaa dhama’atee

ofirraa hafee isa kaan nyaachisu, jaalala

biyyasaaf qabu ibsa artist Laggasaa Abdii.

Page 70: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Qorannoon kun torbee aadaa akka biyyaatti naannoo

keenyatti kabajamu sababeeffachuun artistoota

naannoo keenyaa ogummaasaaniitiin bu’aa buusaniiru

jedhamanii yaadaman yaadachuuf sagantaa

qabamerratti artistoota yaadataman keessaa tokko

artist Laggasaa Abdii waan ta’eef waa’ee seenaafi

hojiisaa hamma tokko jechuun akka danda’amuuf

qorannoo gabaabduu yeroo gabaabaa keessatti

adeemsifamtedha.

Page 71: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Artist Laggasaa Abdii seenaa muuziqaa Oromoo

keessatti artistii yeroo dheeraa waggoota 60 ta’uuf

Ambaasadara Muuziqaa Aaadaa Oromoo ta’uun

tajaajileefi dandeettii qabuun sirbi aadaa Oromoo

akka beekamuufi jaalatamu kan godhe mootii

Muuziqaa Oromooti.

Guddina Aadaa Oromoo keessatti shoora mataasaa

kan taphatedha.

Kana malees ogeeyyoonni biroos fakkeenyummaasaa

hordofuun muuziqaa Ormoo keessatti akka hirmaatan

artistii karaa banedha.

Page 72: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Laggasaa Abdii Artistii si’a takkaa meeshaa

muuziqaa taphachuufi sirbuun waltajjii muuziqaa

Oromoo raasaafi miidhagsaa tureefi ogummmaa

dachaa qabudha.

Page 73: Na Ofkolchaa! - Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gabaabaa... · hordofuun bara Afaan Oromootiin sirbuu haaturuuti haasawuun akka qaaniitti lakkaahamaa turetti, bara namni maqaasaa

Kabaja Barabaraa

Artistoota Keenyaaf!

Galatoomaa!