seensa - oromiatimes.files.wordpress.com · 7 hunduu yeroo qaba–wanti yeroon alaa nama...

20
Siifsiin Jildii 3 1 Seensa K abajamtoota dubbistoota barruu SIIFSIIN! Ammas kunoo barruu keenya jildii sadaf- faa yeroo isin biraan geenyu gammachuu guddaadhaani. Kaayyoon guddaa barruu keenyaas afaan, aadaafi seenaa Oromoo dagaagsuudha. Baatii lamaan yeroo tokko qofa kan maxxanfamu barruun SIIFSIIN eyyama Dhaabbata Ayaanaa itti gaafatamummaansaa murtaa’een maxxanee kan gola Oromiyaa maratti ajaa’ibsiifannaa guddaa argateedha. Kaayyoon barruu kanaa guddichi og- barruu Oromoo dagaagsuu yoo ta’u, mul’anni gud- daanis lammii Oromoo marti aadaa dubbisuusaa guddifatee arguudha. Barruuleen keenya kuta- alee gurguddoo sadiin dhiyaata. Isaanis kutaalee kalaqaa, afoola uummataafi beekumsa waliiga- laati. Haaluma kanaan kutaa jalqabaa keessatti Fuula Qabiyyee 2 Albuuda qabsoon boodaa–Kaayyoon gara kuteessi galmaan nama ga’a. 7 Yeroon nama hin eeguYeroo ofiitti fayyadamuun barbaachisaadha. 7 Hunduu yeroo qaba–Wanti yeroon alaa nama ciiggaasisa. 8 Maal faayidaan barnootaa–Beekumsi eenyuuf akka ta’e. 9 Moggaasa qubee irraa maal hubanna?–Sirna sagaleessuu Afaan Oromoo. 11 Baacoowwan Artii uummata Oromoo bashannansiisaa barsiisu. 12 Harreefi Waraabessa–Komii baafataf jedhanii miidhamuu. 12 JechamootaWaanti marti Oromoo biratti hiika qabaa safuu ni qabaata (ni sodaatama) 12 Mammaaksa–Afoola Oromoo jechaan ergaa guddaa dabarsu. 13 Siiqqee–Aadaa uummata Oromoo keessatti ga’ee dubartootni qaban kan mul’isu. 15 Eebba OromooSirna eebbaa Oromoon, Waaqa tokkicha isa uumeen wal eebbisu. 16 Quruphisaafi Goondaa–Yerootti fayyadamanii hojjechuun gamnummaa akka ta’e fakkeenyaan ibsuu. 17 Seenaa weellisaa Dr. Alii BirraaArtistii beekamaa Oromoo kan weelluu isaatiin ergaa faayidaa barumsaa dabarse. 18 Seenaa Neelsan Maandeellaa–Goota sirna Appaartaayidii galagalche. 20 Maaf Horii keennaaf Soorata Kenniis barbaachise?–Horii aannanii kunuunsuun bu’aa inni argamsiisu. asoosama qalbii namaa rarraasuun barsiisuufi er- gaa ajaa’ibaa of keessaa qabu ‘Albuuda Qabsoon Boodaa’ jedhu, waa’ee moggaasa Qubeerratti yaada bashannansiisaa barsiisuufi walaloowwan ergaa gaggaarii qabantu dhiyaatan. Kutaa afoola Oromoo jalatti ammoo baacoowwan Oromoo, oduu durii, siiqqeefi eebba Oromootu qindaa’e. Dabalataanis beekumsa waliigalaa jalatti ammoo waa’ee goota R/Afrikaa kibbaa Neelsan Maandeellaa, waa’ee geggeessummaa dhugaa ilbiisota kan akka quru- phisaafi goondaatti fakkeessuun barsiisuufi, waa’ee seenaa kabajamaa Dr. Alii Birraa kutaa lammaf- faasaatu dhiyaate. Dhumarrattis yaadni qeeqaafi jajjabinaa kan Oromoon gola Oromiyaa mararraa karaa barreeffamaanis ta’e bilbilaatiin nuuf kenni- tan barruu keenyaaf tumsa guddaa godheera. Am- mas waliin taanee aadaa, afaaniifi seenaa keenya guddisuun dirqama Oromummaa keenyaa akka ta’u dhaabbanni keenya dhaamsa dabarfata. Qopheessitoota Barruulee Siifsiin Jildii 3 ffaa 2006 Hoogganaa Ol-aanaa Dessaaleny Kabbadaa I/A Hoogganaa Toomaas Baarger Gulaalaa Ol-aanaa Beekan Gulummaa Irranaa I/G Sab-quunnamtii Alambirihaan Fiixee Ciibsaa Qopheessaa Dizaayinii Darasuu Abdiisaa Bayyanaa Daayirekteera Dizaayinii Filiip Shuutis I/A Daayirekteera Dizaayinii Kaayi Hiiks Qooda fudhattoota Nastaannat Hayiluu (Gaazexeessaa) Eebbisaa Baayisaa Warquu Dachaasaa Maatiwoos Imaanaa Marabbaa Ulfinaa Gammachuu Wiirtuu Mana maxxansaa Rehooboot Printing Press Plc. Dhaabbata Maxxansa Ayaanaa (kan mirgi isaa Seeraan murtaa’e) Lak. Bilb: +251 113 201 772 Lak. Sand. Poostaa 70277 E-mail: [email protected] www. facebook.com/siifsiinmagazine

Upload: letruc

Post on 06-Sep-2018

680 views

Category:

Documents


23 download

TRANSCRIPT

Page 1: Seensa - oromiatimes.files.wordpress.com · 7 Hunduu yeroo qaba–Wanti yeroon alaa nama ciiggaasisa. 8 Maal faayidaan barnootaa–Beekumsi eenyuuf akka ta’e. ... hiriyyoonni yeroo

Siifsiin Jildii 3 1

SeensaK abajamtoota dubbistoota barruu SIIFSIIN!

Ammas kunoo barruu keenya jildii sadaf-faa yeroo isin biraan geenyu gammachuu

guddaadhaani. Kaayyoon guddaa barruu keenyaas afaan, aadaafi seenaa Oromoo dagaagsuudha. Baatii lamaan yeroo tokko qofa kan maxxanfamu barruun SIIFSIIN eyyama Dhaabbata Ayaanaa itti gaafatamummaansaa murtaa’een maxxanee kan gola Oromiyaa maratti ajaa’ibsiifannaa guddaa argateedha. Kaayyoon barruu kanaa guddichi og-barruu Oromoo dagaagsuu yoo ta’u, mul’anni gud-daanis lammii Oromoo marti aadaa dubbisuusaa guddifatee arguudha. Barruuleen keenya kuta-alee gurguddoo sadiin dhiyaata. Isaanis kutaalee kalaqaa, afoola uummataafi beekumsa waliiga-laati. Haaluma kanaan kutaa jalqabaa keessatti

Fuula Qabiyyee2 Albuuda qabsoon boodaa–Kaayyoon gara kuteessi galmaan

nama ga’a.7 Yeroon nama hin eegu–Yeroo ofiitti fayyadamuun

barbaachisaadha. 7 Hunduu yeroo qaba–Wanti yeroon alaa nama ciiggaasisa.8 Maal faayidaan barnootaa–Beekumsi eenyuuf akka ta’e.9 Moggaasa qubee irraa maal hubanna?–Sirna sagaleessuu Afaan

Oromoo.11 Baacoowwan –Artii uummata Oromoo bashannansiisaa

barsiisu.12 Harreefi Waraabessa–Komii baafataf jedhanii miidhamuu.12 Jechamoota–Waanti marti Oromoo biratti hiika qabaa safuu ni

qabaata (ni sodaatama)12 Mammaaksa–Afoola Oromoo jechaan ergaa guddaa dabarsu.13 Siiqqee–Aadaa uummata Oromoo keessatti ga’ee dubartootni

qaban kan mul’isu.15 Eebba Oromoo–Sirna eebbaa Oromoon, Waaqa tokkicha isa

uumeen wal eebbisu.16 Quruphisaafi Goondaa–Yerootti fayyadamanii hojjechuun

gamnummaa akka ta’e fakkeenyaan ibsuu. 17 Seenaa weellisaa Dr. Alii Birraa–Artistii beekamaa Oromoo kan

weelluu isaatiin ergaa faayidaa barumsaa dabarse. 18 Seenaa Neelsan Maandeellaa–Goota sirna Appaartaayidii

galagalche.20 Maaf Horii keennaaf Soorata Kenniis barbaachise?–Horii

aannanii kunuunsuun bu’aa inni argamsiisu.

asoosama qalbii namaa rarraasuun barsiisuufi er-gaa ajaa’ibaa of keessaa qabu ‘Albuuda Qabsoon Boodaa’ jedhu, waa’ee moggaasa Qubeerratti yaada bashannansiisaa barsiisuufi walaloowwan ergaa gaggaarii qabantu dhiyaatan. Kutaa afoola Oromoo jalatti ammoo baacoowwan Oromoo, oduu durii, siiqqeefi eebba Oromootu qindaa’e. Dabalataanis beekumsa waliigalaa jalatti ammoo waa’ee goota R/Afrikaa kibbaa Neelsan Maandeellaa, waa’ee geggeessummaa dhugaa ilbiisota kan akka quru-phisaafi goondaatti fakkeessuun barsiisuufi, waa’ee seenaa kabajamaa Dr. Alii Birraa kutaa lammaf-faasaatu dhiyaate. Dhumarrattis yaadni qeeqaafi jajjabinaa kan Oromoon gola Oromiyaa mararraa karaa barreeffamaanis ta’e bilbilaatiin nuuf kenni-tan barruu keenyaaf tumsa guddaa godheera. Am-mas waliin taanee aadaa, afaaniifi seenaa keenya guddisuun dirqama Oromummaa keenyaa akka ta’u dhaabbanni keenya dhaamsa dabarfata.

Qopheessitoota Barruulee Siifsiin Jildii 3ffaa 2006

Hoogganaa Ol-aanaa Dessaaleny KabbadaaI/A Hoogganaa Toomaas BaargerGulaalaa Ol-aanaa Beekan Gulummaa IrranaaI/G Sab-quunnamtii Alambirihaan Fiixee CiibsaaQopheessaa Dizaayinii Darasuu Abdiisaa BayyanaaDaayirekteera Dizaayinii Filiip ShuutisI/A Daayirekteera Dizaayinii Kaayi HiiksQooda fudhattoota Nastaannat Hayiluu (Gaazexeessaa)

Eebbisaa Baayisaa Warquu Dachaasaa Maatiwoos Imaanaa Marabbaa Ulfinaa Gammachuu Wiirtuu

Mana maxxansaa Rehooboot Printing Press Plc.

Dhaabbata Maxxansa Ayaanaa(kan mirgi isaa Seeraan murtaa’e)Lak. Bilb: +251 113 201 772Lak. Sand. Poostaa 70277

E-mail: [email protected] www. facebook.com/siifsiinmagazine

Page 2: Seensa - oromiatimes.files.wordpress.com · 7 Hunduu yeroo qaba–Wanti yeroon alaa nama ciiggaasisa. 8 Maal faayidaan barnootaa–Beekumsi eenyuuf akka ta’e. ... hiriyyoonni yeroo

2 Siifsiin Jildii 3

BARRUULEE KALAQAA

H ir’inaafi hiyyuma mataa isa cabseef kan hin jilbeenfanne, halkaniifi guyyaa jireenya qabsoo abbaafi haatisaa keessa

ce’anii as ga’an homaattuu kan hinlakkoofne Sar-beessaan ilma maatii qotee bulaati. Gidiraa ijool-lummaan mataa isa cabsaa ture hunda har’a irra taa’ee gaafa yaadu himala inni taasise hundi har’a isaaf mudannoo godaannisaa hindagatamnedha. Sammuusaan kanatti qabamee mul’ata fuulduraa kan akka abiddaa keessaa belbelu ukkaamsuu hin-barbaanne.

Abjuu guddaa tokko qaba; innis abjuu saayintistu-mmaati! Waan naannoosaa jiraatan hunda ija falaasamummaatiin ilaala. Mukti, baalli, dhagaan, margi, biqiloonniifi ilbiisonni maal isaan? Ija akkamiin ilaalamuu qabus? kan jedhu gaaffii Sarbeessaa isa guddaadha. Barri dhalootasaa 1978 godina Wallagga Lixaa aana Boojjii Birmajjii yoo ta’u, kutaa 1-4 qofa achitti barate. Kana booda sababa du’a akka tasaa abbaasaa Jaal. Immaanaa Inkoosaa irraan kan ka’e, iddoo sana gadhiisee gara magaalaa Naqamtee dhaquun mana namaa taa’ee waggaa lama erga hojii humnaa hojjeteen booda mana barnootaatti deebi’e.

Sarbeessaan akka tasaa gadda sanarraan kan ka’e waan biyyaa ba’eef, haati isa deesse aadde Bookashii Daraaraatti lafti dukkanoofte. Gaddarratti gadda hamaa ilma tokkittii ija keessa ilaaltu sana of duraa dhabuufi du’a abbaa manaa.

Utuu mucaa tokkittii qabdu kana achi buuteesaa quba hinqabaatiin waggaa torba guutuu akka imimmaan cobsitetti turte. Sarbeessaan mana abbaa ormaafi haadha ormaa keessatti hedduu gidirame. Hojii mara hojjeta. Inni ergaa biraa deemee ammas ergaan biraan jiraannaan isuma eegu malee ijoolleen warra maatii obbo Fedhasaa Jiraataa ergaafi kurkurrii manaaf alaa hin jaallatan. Qananii qabu. Sarbeessaanis ergaa tokko dhaqee ergaa lammaffaaf yeroo qajeelu utuu imimmaansaa toora afuriin fuulasaarra asii gadi dhangalaasuu dhaqee deebi’a. Guyyaa dhalootasaa abaaruurra darbee gaafa inni tarkaanfii du’aa fudhachuuf aggaame hedduudha...

Jireenyi maali? Hiikkaansaawoo? Namni maaf lafa kanarratti akkas baay’ate? Carraan akkamitti kaan sooressa kaan ammoo hiyyeessa goote laata? Kaan fayyaa kaanimmoo dhukkubsataa maaf ta’a? Uumamni kun kaan adii kaan ammoo gurraacha inni kaanis magaala kunis maaliif ?

Namni hammamiifi hamma eessaatti jiraata laataa? Kaan waan nyaatu dhabee kadhata;

kaan ammoo quufee ittiin taphata. Kun hiree ofiitimoo kennaa uumaati kan

jedhu gaaffiilee sammuu Sarbeessaa keessaa dhidhiittatan keessaa isaan muraasadha. Qabsoon jireenyaa kan haatisaa hojii mana namaa hojjechuutiin nyaata isheedhaaf kennamu ukooshee jala kaa’attee tokkichashee kana ittiin guddisaa

turte Sarbeessaatti gaafa yaadataman ammoo dhaabbachuu dadhabee

yeroo inni itti ofirra gadi quphanaa ture hedduudha. Yeroo hunda hojii

walfakkaataa irratti kan waliin bobba’an

Albuuda Qabsoon Boodaa

Page 3: Seensa - oromiatimes.files.wordpress.com · 7 Hunduu yeroo qaba–Wanti yeroon alaa nama ciiggaasisa. 8 Maal faayidaan barnootaa–Beekumsi eenyuuf akka ta’e. ... hiriyyoonni yeroo

BARRUULEE KALAQAA

hiriyyoonni yeroo ergaaf kaayyoo walfakkaataaf waliin walfakkaatan wal argan kan akka Elemoofi Likkaasaa yaadaan baduu Sarbeessaatti gaaffii cimaa keessa seenanis dhoksaasaa bira ga’uu hindandeenye. Tuttuqanii yaadasaa bira ga’uuf dhama’uun cinatti isa jajjabeessuullee baay’ee dhama’aa turan. Keessumattuu Likkaasaan ‘Jabaadhu’ obboleessakoo gaaf tokko nuufis nidarbaa,...’obsi dhagaa cabsa’, obsaan xobbee bilcheeffata’ jechuun yoo itti mammaakellee isaaf homtuu hingalu. Farda yaadaatiin galaana yaadaa keessa gulufa. Yaada walxaxaa kan mataaf miillisaa dhokatee jiru.

Addunyaa kanatu gaaffiin jalaa guutamtee deebii jalaa dandamatte. Sammuu Sarbeessaa keessa gaaffii malee deebiin argamee hinbeeku. Addunyaa gaaffiidhaan guutamte keessatti deebiin mana eenyuutti akka argamu barbaadee dhabe. Elemoon gidduutti Sarbeessaafi Likkaasaadhaa walitti guguungumaa jiran itti dhufee nagaa Waaqaa erga gaafateen booda kottaa walfudhannee biyya kana gadhiisnee dhaqneetuma mana xiqqoo kireeffannee hojii humnaa kan guyyaa hojjechuun walguddifannaatii jedheen.

Sarbeessaan gidduutti yaadaan akka baduu ta’eetu qalbiisaa keessattis, wayyoo yaa haadha nadeessee mucaankee jooraan jooratti darbaa haftiiree? ‘Quuqqaa cinaacha jalaa abbaatu beekkata’ jedheetu ammas imimmaan ija calale. Kana booda dhagaarra ququphananiitu akka sa’a walakkaaf mariyatan. Likkaasaanis “maaloo hiriyootakoo rakkoo keenya ammaa kanaan abdii kutachuu hinqabnu; maaltu beeka? gaaf tokko barri itti ofirraa hafnee namayyuu gargaarru nidhufa ta’a” jedhee jajjabeessuu jalqabe. Yeroo ijoolleen warra maatii gaarii qabanii taa’anii dabtara isaanii dubbisuu qofa malee hojii humna gaafatu kamiyyuu hin hojjenne taa’aniitu ijaan hawwaa garaan isaanii ammoo mooga’a ture. Likkaasaanis ta’e Elemoon guyyaa hojii humnaa hojjechaa halkan barnoota galgalaa baratu turan. Likkaasaan sa’a laaqanaa gadi hojii kophee qulqulleessuufi sa’a boodammoo buufata konkolaataa Naqamtee keessatti iddoo namaaf qabeetu qarshii funaannata. Elemoon ammoo sa’a laaqanaa gadi saawwan gara laga Soorgaatti yeroo geessu sa’a boodammoo yeroo hundaa kophee qulqulleessuun qabsoo jireenyaa geggeessata ture. Guyyaanis darbee waggaanis dhufee dargaggoonni kun walfudhatanii magaalaa

Naqamtee gadhiisuu akka qaban murteeffatan. Guyyaansaa Jimaata hagayya 1996 galgala naannoo buufata konkolaataa cina fuuldura mana Obbo Olbaanaa Guyyaasaa jala uffata bututaa tokko mataa isaanii qofarra buufatanii bulanii Sanbata ganama kan qorri guutummaa qaama isaanii callabbeesse achii ka’uun konkolaataa gara magaalaa Amboo dhuftu keessa seenan. Waanuma hojii humnaan walitti coratan keessaa gatii konkolaataa sanaa kaffalatanii adeemuun Amboon utuu hinga’iin magaalaa Gudar akka ga’aniin Sarbeessaan achumatti bu’uu akka qaban murteessuun mariyachiise.

Magaalaa Amboottis dhiyoo akka jiran namoo-tarraa erga qorataniin booda achumatti lafa bubu’anii mana nama yeroof galanii booda garuu mana dhuunfaasaanii walitti dugda bitatan barbaacha ba’an. Namni manasaatti simatu dhabamuusaarraan kan ka’e, gara sa’a sadiin ol erga jooraniin booda ammas dhaqanii mana bulaatii tokko gatii salphaan kan waanuma argatan afatanii lafa bulan qarshii kudhan kudhaniin argatanii guyyaa tokkoof achuma bulan. Kan karaan karaatti darban keessatti akaayii magaalaa Gudar bitatanii isa alanfachaa bulan. Kana booda kottaa mana kiraa fudhannee jiraannaa jechuun walitti buufachuun qarshii jaatamaan mana argatanii jiraachuu eegalan. Likkaasaan Warshaa Bishaan Amboo keessaa hojii argate. Hojii humnaa haa hojjetu malee, akkaataan warshaan sun itti hojjetuufi adeemsa ittiin meeshaaleen ammayyaa kun bishaan uumamaa kana gara kan biraatti jijjiiruun galii gaggaarii argamsiisuu danda’anirratti ni raajeffata ture. Hojiin kunis utuu isa hin ajaa’ibiin waan kanarra guddaafi olaanaa ta’e dhalli namaa kun kalaquu akka danda’u yaadasaatti murteessee gaaf tokko haala itti bishaan lafa keessaa baasuun dhimma guddinaafi dagaagina biyyaafi uummataatiif oolchanirratti yaadaan waxalamuu eegale. Elemoon ammoo Warshaa Rasaasa Sanqalleetti hojii xiqqoo argate. Warshaa rasaasaa kana keessatti namoonni ga’ee gurguddoo qaban lammiiwwan dhigasaatii yoo ta’uu baatanis, gaaf tokko abbummaa ogummaa hojichaa akka gonfatu garaasaa keessatti qabate. Hojii kanarra caalu kan addunyaa kana afaan qabachiisuu danda’us akka kalaquu danda’u shakkii tokkollee hinqabaanne. Waan nuuf mul’aterra waan nujalaa dhokatee jiru caalus, waan dhokate marti

Siifsiin Jildii 3 3

Page 4: Seensa - oromiatimes.files.wordpress.com · 7 Hunduu yeroo qaba–Wanti yeroon alaa nama ciiggaasisa. 8 Maal faayidaan barnootaa–Beekumsi eenyuuf akka ta’e. ... hiriyyoonni yeroo

4 Siifsiin Jildii 3

BARRUULEE KALAQAA

“gaaf tokko mul’achuu danda’a” jedha Elemoon. Keessumattuu gaafa akkaataa teessumaafi albuuda Oromiyaa keessa jiru mara raajeffachuu jalqabu akka nama raata’eefi yeroo namootaaf yaada kana qoodus akka nama sammuun butameetti dubbata. Inni garuu mul’ata keessasaatii isa dhikkifachiisu sana malee miira kamiinuu geggeeffamee miti. Hiyyuma har’a isarratti waljijjiiran duubaan badhaadhina hammaaramee hindhumne ija lammaffaatiin ilaala.

Sarbeessaan ammoo lafa naannoo uummata Maccaa keessaa, keessumattuu naannoo lafa Amboo keessa albuudawwan akka warqee, diyaamandiifi kanneen akka ashaboo akka ba’uu danda’an garaansaa qeequutiin akka horii suufaa bartee bosonaafi lafasaarra naanna’aa oolee galgala deebi’ee manatti gala. “Wayyoo yaa albuuda lafa Oromiyaa keessaa maaloo yaa Rabbi aluma tokko ijakoo naabani anis sabni ani keessaa dhaladhe kunis akka rakkoo hiyyuma kallattii hedduu keessaa ba’uuf” jedhee guguungumaa deema ture.

Yaadni gurguddoon keessoo Sarbeessaa keessaa wal lolanis, albuuda kana yoon qoradhee bira ga’e dura eenyuttan gabaasa godha? Eenyutu itti waamama? Eenyutu fayyadamaa ta’aa? Hoggansasaatiif caasaa akkamiitu ijaaramuu qaba? yoo albuudni lafa keenya keessaa waggaa miliyoonotaaf dhokatee ture kun dhodho’ee ba’u ammoo, inaaffaa akkam akkamiifaatu nurratti ka’uu danda’a laata? Haala kamiinis gargaarsi walqixxaataan lammiilee laficharratti abbaa biyyummaa qaban kanaaf qoodamuu danda’a?, qorattoota ogummaa isqaaniitiin waan kana haala saaynisummaatiin ifa godhan meeqatu biyya akkam akkamiitti leenji’uu qaba laata? kan jedhuufii kan kanafakkaataniidha.

Hiriyyoonni Sarbeessaa eessa akka inni oole gaafatanii qarshii walitti buufachuuf yeroo yaadasaa hubachuu barbaadanitti inni naanna’ee lafaafii uumama faana dubbachuu malee hojii humnaas gaafa sanaa ka’ee akka hin hojjenne ofiisaaf waadaa gale. Hiyyumni cimanii hojjechuudhaan akka cabuufi murannoo, kutannoofi obsa akka barbaadu qofa hubatee qabsoo yaadaan garaa lafaa isa akka galaanaa yaadamee bira hinga’amne keessa markaba yaadaan burraaqsa eegaleera. Sarbeessaan amala addummaa qabuun yeroo karaa deemullee haasaa baay’ee hin leellisu. Qaamaan lafarra deema malee yaadaan guutummaa

addunyaarra akka Joobiraa takka ol fagaatee takkammoo gadi bu’ee waan balali’u fakkaata. Dhoksaan durii durii waggoota miliyoonotaaf dhokfame ifa haaba’uun dhaadannoo lapheesaa yeroo hundaati. Akkasittiin gara waggaa saddeetii dabarse. Elemoofi Likkaasaanis isa inni dur yoo aare xiiqeffannaa onneesaa keessaan boo’uuf jedhaniitu “kottu Sarbeessaan waanuma nuti argannu kana nufaana haanyaatu malee kana sanas godhi jennee hinrakkisnuutii” jedhanii waliigalan. Jaalala hammas hinjedhamnetu waan isaan gidduu jiruuf qabeenyaa walumatti qabu malee hinaaffaa hamaan tokkollee isaan gidduutti hinargamne.

Sarbeessaan gaaf tokko hidda mukaa kan Odaa fakkaatu tokko jala gadi taa’ee utuu lafa qoroqqoruu dhagaa calaqqisaa hamma barruu harkaa geessu tokko fudhatee gaafa manatti galu, maalummaa dhagichaa gaafa hiriyyoonnisaa gaafatan “anuu dhoksaasaa hinbeeku” jedhe Sarbeessaan. Garuu bulanii gaafa dukkaana tokkotti geessanii agarsiisan Warqee ta’ee argame. Abbaa mana Warqee magaalaa Amboo tokkotti geessanii akka gurgurachuu barbaadan gaafa itti himan namichi qarshii kuma afuriifi soddoma kaffallaaniif gammadanii fudhatanii fiiganii manasaaniitti galan. Kana booda Waaqayyo rakkoo keenya keessatti nuyaadateerakaa jedhanii ija keessa wal ilaalanii akka abjuu ta’anii yaadan babbadan.

Sarbeessaanis namoota konkolaataan Finfi-nneedhaa gara biyya harmeesaatti darbaa jiran argatee Poostaa biteetu xalayaa gabaabduu akka armaan gadii kana jettu faana qarshii dhibba afuriifi soddoma gudunfee bakka argamasheetiin ergeef.

Haaga’u nagaankoo gara haadhakoo anaaf jettee wayyaa dhiistee daaraa uffattee naguddiste deesseekoo Bookashii Daraaraa. Attam naaf jirta? Ergan gaafa aarii gaddisiisaa sanaan manaa ba’ee kaasee guutummaan hafuurriifi yaadnikoo sifaana jirti. Keessikoof duubnikoo dhukkuba garaachaa kan maddisaa dhiphinaan guutameen waxalamaa turte. Deesseekoo du’a abbaakootu biyyaa nabaase. Ani tokkichikee Sarbeessaan kophaatti sigatee baduunkoo sijibbaaf miti. As ilaalee achi ilaaleen of ajjeesuurra baduu wayya jedheen biyyaa ba’ee akka bineensa abaaramee takka mana takkammoo ala buluun utuun jooruu kunoo magaalaa

Page 5: Seensa - oromiatimes.files.wordpress.com · 7 Hunduu yeroo qaba–Wanti yeroon alaa nama ciiggaasisa. 8 Maal faayidaan barnootaa–Beekumsi eenyuuf akka ta’e. ... hiriyyoonni yeroo

BARRUULEE KALAQAA

Gudar jedhamtu ga’een jira. Taa’ee isa ati anaaf jettee kadhattuu taatee akka haadha sinbiraa qoonqookee bira dabarsitee afaan nakeessu, qullaa deemtee anaan daara nabaastuufi ofirra naraffistee mataakoo qaqqabattee imimmaan narratti ‘xop xop’ gootu sana obsuu dadhabeen akka nama sijibbee bineensa gidduutti sigatee sokke. Haadhako! Ani mucaankee gaaf tokko akkan harka siqabu shakkii hinqabaatiin; gaddakee gammachuutti, boo’ichakee sirbatti siifan geddara. Garuu maaloo aariif jettee lubbuukeetti hinmurteessin. Jireenyatu najoorse. Warreen abbaa qaban yeroo gammadanii baratan ani garuu garaa hooqqataa isan daree taa’u sanan obsuu dadhabeem. Nyaata madaalamaa jedhamu isan daree taa’ee baradhu qabatamaatti manatti arguun dadhabe. Akkan garaakoo qooqqifadheefi qooqettan oola. Nyaata gaarii dhabuun ijoollummaan lafeen bakkeetti nayaatee nama umuriin dulloome nafakkeessiteetti. Siinis hidda fuulakee tokko tokkoon mul’atu sana taa’ee ilaaluufi isa yeroo baay’ee dhukkubni inni maddisaa rakkoo keenyaa ta’e sun sitti hammaachuun murtii kana nafudhachiiseera. Deesseekoo maaloo lubbuunkee naaf haatutturukaa...waaqayyo anaaf siin utuu ijaan wal hinargisiisiin nun ajjeesiinkaa!

Mucaakee Sarbeessaa Danboobaati.

Guyyaanis darbee waariin waariitti harka kennattee turtii waggaa sadiin booda mana barnootaatti deebi’eetu Sarbeessaan Gudaritti kutaa kudhan xumuree qabxii kutaa kudhanii gosa barnootaa hundaatti ‘A’ fidee afur fiduudhaan kallattumaan ‘scholarship’ argatee biyya Jarman deemuun digirii tokkoffaasaa utuu qorataa jiruu gaafa gosa barnootaa irratti hojjechuu barbaaduu filatu waa’ee albuudaa qorachuu akka qabu yaadasaa barsiisotasaatti ibsate.

Utuma kanaan jiruu digirii tokkoffaasaas qabxii olaanaa galmeessisuun achumaan digirii lammaffaasaas itti fufee xumuruun beekumsa argatee dhufe sanaan achuma lafa ijoollummaasaatti mul’ata keessasaatii dhikkifataa ture Oromiyaatti deebi’ee qorannoo albuudaa lafa keessaa geggeessuu jalqabe. Akkuma deebi’een Likkaasaafi Elemoo dafee argachuu hindandeenye. Hiriyyootasaa kana faana Sarbeessaan qabsoo jiraachuuf jecha taasifamaa ture mara waan yaadatuuf garaansaa yeroo mara hiriyyootasaa kana faana jira. Likkaasaan Yunivarsiitii Finfinneerraa Muummee Keemistiriirraa akka qorataa jiruufi Elemoon ammoo Yunivarsiitii ‘Aarbaa Minci’ irraa Takinooloojii bishaanii akka qorataa jiran boodarra dhaga’ee garaansaa guddaa gammadeetu hiryyootasaa kana barbaacha torban tokko isa fudhateetu dhaqee hunda isaanii walitti qabee marii guddaa geggeesse. Mareesaas akkas jechuun eegale. Hiriyyootakoo ishee waliin dabarsine sana haayaadannu.Ishee waliin qabsoo hadhaa’aa, nyaata dhabnee waliin gaaf meeqa boo’aa bulle sana. Ishittii utuu abbaa qabnuu abbaa dhabnee abba ormaafi haadha ormaa ija keessa ilaalaa imimmaan keenya xuruurfataa turre sana. Amma garuu barri sun dabarteetti. Anis qorannoo guddaattan jira jedhee hoteela Abbaa Gadaa jedhamu kan magaalaa Adaamaa keessa jirutti walitti dhufuun guyyaa shan erga waliin dabarsaniin booda, Hoj-mannee walii kennanii gargar ba’an. Waggaa afur booda Sarbeessaan dachee Oromiyaa keessaa iddoo sagalitti albuuda gati-jabeeyyii gurguddoo gatiin isaanii addunyaarratti baay’ee mi’aa ta’an argatee meeshaa biyya Awurooppaatii fichisiiseen akka malee budduqsee yaasuun ‘Waldaa Burqaa Albuuda Oromiyaa’ jedhamu hundeessuuf siidaa

dhagaa kaa’ee, kan ardiilee torbanirratti ifa gochuu akka danda’uufi gabaaf bobba’uu

akka danda’u wixinee kaa’e. Gamoo gurguddaa godinaalee Oromiyaa

mara keessatti ijaarsisuufi, manneen bashannanaa gita isaanii akka addunyaatti eeggatan hunda ijaarsisee namootni biyya ambaatii dhufan achi jala akka boqochuu qabanitti yaadasaa

tumsuun yaada hunda gala (general concept)lafa kaa’e. Elemoon ammoo

bishaan gurguddaa Oromiyaa keessa jiran irratti qorannoo gurguddaa saddeet

erga geggeesseen booda bishaan Oromiyaa

Siifsiin Jildii 3 5

Page 6: Seensa - oromiatimes.files.wordpress.com · 7 Hunduu yeroo qaba–Wanti yeroon alaa nama ciiggaasisa. 8 Maal faayidaan barnootaa–Beekumsi eenyuuf akka ta’e. ... hiriyyoonni yeroo

BARRUULEE KALAQAA

keessaa maddaniifi kan laga Mormor hundi walitti dhufanii lafa Oromiyaa hundarratti akka dhangala’an gochuun kuduraaleef muduraaleen bonaa ganna akka lalisan gochun Oromiyaa hunda quubsuuf akka biyya ambaarra warra rakkataa jiraniif fe’aman ta’uuf karoora baase.

Likkaasaan ammoo warshaalee Oromiyaa irra jiran hundaaf dayirakteera ta’uun akka diinni hamaan eebba isaaniitti hinbuuneef meeshaa ittisa biyyoolessaa jedhamu elementoota garaagaraarraa a hojjechuun daangaa guddaa Oromiyaaf tumse. Likkaasaan ogummaa barateen si’achi qilleensa biyyoo biyya abbaasaatiif waan qulqullaa’aafi madaalamaa fayyaa namaatiif gumaachu hojjechuuf yaadaa qaba. Waa’ee wal-nyaatinsa elementootaatiin dhugaatiifi nyaata qaama ilma namaatiif mijatoo ta’an akka oomishuu danda’urratti ofiisaa faana qorannoo dhuunfaa dheeraa geggeesseera. Soorata gara dhangala’ootti jijjiiramuun hospitaalota addunyaarratti raabsamuu danda’an kan dhukkubsattoota qaama suphuufi jabina guddaa kennuu danda’an kalaquu akka danda’u hayyoota ogummaa akkasaa muuxatan faana marii bal’aa geggeessee ture. Gosa nyaataa kan dhukkuba dhiibbachuu danda’aniifi keessumattuu daawwaa jabanaa bitatanii of wal’aanuu warra hindandeenyeef furmaanni akka soqamuu qabu yaadaan mala dha’aa turus qabsoo yaadaa gara sammuusaa dhufaa jiru kana akka barbaachisummaasaatti itti adeemuu akka qaburratti yaadaan waxalameera. Sarbeessaan haadhasaa ofitti fudhatee akka

isheen bara jireenyashee guutuu boqottuuf mana warqeen faayame ijaarsisee keessa kaa’ee haadha biyyaa ishee kabajamtuu akka jedhamtuufi teessee hamma boqonnaan lafa kanarra jiraattutti aara galfii guddaasaa akka argattu taasisuuf karoorfate... Karoorfannaa booreef xiiqiiti. Waan guddaa tokko yaada; innis waa’ee tarsiimoo raawwii mul’atasaati. Haala kamiin hojii guddaa akka hojjechuu danda’uufi namoota mul’atasaa waliin adeemuu danda’aniifi mul’atasaa sanarratti nama yaadaan tokko ta’an barbaacha yaadasaan himale. Himala yaadasaa waraanedha. Sarbeessaan albuudni Oromiyaa keessaa burqu kun gaafa warshaa ‘Gadaa International Foundation’ yookaan ‘GIF’ jedhamu keessatti adeemsi wal-nyaatinsaa taasifamu ibsaan humna bishaaniin qofa utuu hintaane humna qilleensaafi aduutiin akka madduufi faayidaan isarraa argamu ammoo Oromiyaan addunyaarratti beeksisuufi hojjetaa jira. Sarbeessaan humna meeshaalee ammayy-aatiin qabamuu hindandeenye garuu odeeffannoo mara qilleensaafi waajjiroolee mootummaa garaagaraarra naanna’ee deemuun galmee-ssee iddoo ‘SPTV’ jedhamu tokkotti dhiyeessu argate. Meeshaan ammayyaa kun tajaajila hedduu waan of keessaa qabuuf fageenyaan hinmurtaa’u. Ardiilee torbanirratti dalagaalee raawwataman mara iddoo tokkotti walitti sassaabuu danda’a. Rakkoo ka’aa jiruufis fala atattamaa dhiyeessuu danda’a. Odeeffannoo arge hunda saaxiluudhaaf ragaan akka dhaabbatu isa hinbarbaachisu. Meeshichi waan dhiyeessu mara fakkiin deggaree dhiyeessa. Hojiilee ija dhalootaan hinargamne kan meeshaa ammayyaa shifargaan (microscope)

argamuu hindandeenyetu meeshaa Dirribsaafi hiriyyoonnisaa walitti dhufuun kalaqan

kanatu ifa godha. Kanumarra darbuun lafa Oromiyaa irratti manneen

gurguddoo ijaaramanii garuu hammam guddatanis xiyya xixiqqaatiin ajajaman; jechuunis yoo barbaadan kutaalee garaagaraatti akka qoodaman kan taasisuufi yookaa ammoo guddisee lafa guddaarra

diriirsuufi xiqqeessisee iddoo xiqqaarra akka qubatu taasisuu

kan danda’utu kalaqame. Kana booda namoonni maqaa

hiyyummaafi doofummaa, beelaafi dheebuu, cunqursaafii gidiraa garaagaraa

6 Siifsiin Jildii 3

Page 7: Seensa - oromiatimes.files.wordpress.com · 7 Hunduu yeroo qaba–Wanti yeroon alaa nama ciiggaasisa. 8 Maal faayidaan barnootaa–Beekumsi eenyuuf akka ta’e. ... hiriyyoonni yeroo

BARRUULEE KALAQAA

deebi’anii hinargine; namni hunduu akka malee waljaallachuu jalqabe; inni abbaaf haadha hinqabnellee akka waan abbaaf haadha qabuutti gammadee waliin jiraata malee cunqursaan hunduu hundeedhaan buqqa’aniiru. Sarbeessaa, Likkaasaafi Elemoon qorannoo ciccimaa kan guutummaa addunyaa irratti isaan beeksisu hedduu erga galmeessisaniin booda, lafa jireenya isaanii pilaaneetii ‘ORBIA’ jedhamurra godhatanii uumaa kanaa gaditti waan hedduu qoratanii ifa gochuu danda’aniiru. Egaa kana booda gidiraaf irakkoon lammata akka biyyoo biyya abbaa isaanii keessa hinseenne mirkaneeffachuuf akka kana jedhanii walfaana mammaakan. ‘Bookeen gurra arbaa seentus baatus arba homaa hingootu, gowwaan aannan gaalaa yoo liqimsites, yoo tuftes niduuta jennaan afaanitti baatee du’e jedhama...

Siifsiin Jildii 3 7

Yeroon nama hin eeguKaleessi har’a hin ta’u, borus miti iftaan Wanta takkaa darbe hin qaqqaban bullaanYeroon nama miti na eegis hin jedhanYoo yerootti qoosan ofiin gaabbaa hafan

Namni har’arra taa’ee kaleessaan of tuulu Jireenyasaa ari’aa kan darbeen madaaluIsa boruu dhiisee kan tureen of kuuluMaaddii one arraaba boru quufee hin bulu

Har’a ta’eet malee dur na ture arjaaJedhee namni of tuulu kaleessaan of jajaBor hirriba dhabee akka hin bulle gurjaaAmmuma haa dammaqu osoo hin eegne ajajaYeroon nama hin eegu amma libsuu ijaa!

Hunduu yeroo qabaArgeera jedhanii yoodhuma ilaalani Otoo hinhubatin yoodha haasa’ani Osoo keessa hinbeekiin yoodha jaalataniOolee gaafa bulee maal ta’a laata innii?Hunduu yeroo qabaa maaliif jarjartanii?

Hunduu yeroo qabaa mee hubadhaa laalaa Yaada hedduudhaanis baay’isaa madaalaaHubachuumoo dhiisuu egaa kamtu caalaa?

Hunduu yeroo qabaa akkana hinta’iinaaSirriitti hubadhaa lakkii hingowwoominaaWalis gaggaafadhaa calillee hinjedhinaaSirriitti xiinxalaa hindogongoriinaaHunduu yeroo qabaa kana hindagatiinaa

Beekan Gulummaa Irranaa [email protected] +251 911 04 437

Gasharee [email protected]+45 71 32 73 52

Geetuu [email protected]+251 926 758 363

...qabsoo dheeraa boodaQilleensarra kaatee yaadaan tabjaajja’aaJireenya mo’achuuf takka kufee ka’aaDeemsa keessa lufe meeqansaa lakkaa’aaGocha tokko malee yaadasaan akaa’aa

Addunyaa xaxamtuu ishee hiika hinqabneJoorsuuf jaamsuu malee boqonnaa hinlaanneNyaattee dhuguu malee nan quufee hinbeekneHalkan guyyaa fiignee mo’achuu hin dandeenye

Ogeeyyiis gaafannee hayyuu biyya bulchuHiika addunyaa kanaa dadhabe nuulaachuuQotee bulaas taanee yookaan daldalachuuBarataas taaneetu dhabneerra gammachuu

Abbaafi ilmatu didee waliin oodaaHaadhaafi intalatu guyyaadhaan abjootaaFalli ta’uu qabu kan ilmaan namootaaAlbuudni argamuun qabsoo dheeraan booda!

Page 8: Seensa - oromiatimes.files.wordpress.com · 7 Hunduu yeroo qaba–Wanti yeroon alaa nama ciiggaasisa. 8 Maal faayidaan barnootaa–Beekumsi eenyuuf akka ta’e. ... hiriyyoonni yeroo

Maal fayyada barnoonni?Barnoota.(2),hundumatu jaja,hundumatu faarsa,Isaaf eebba malee namni hin qabu abaarsa,‘’Ni baranna” jedha lallabee dhaadata,Waa’eesaa dhaga’uuf gurratu oldhaabata,Yoo ciises abjuudhaan samii cuunfee qora,Ekeraa barnootaa waliin tulluu kora,Xinnaafi guddaa hin qabu fudhachuuf fakkeenya,Sagalee barnootatu dhaale dachee keenya,

Nama barates qabna nu’i kallattii maraanuu,Kan qalama bitee qubee ittiin waraanu,Kan mana kitaabaa hundumaa lixeeru,Kan waan barreefame dubbisee fi xeeru,Qabna beekaafi hayyuu ogummaan akeeku,Kan daakuufi daaraa fuulleetti adda baasee beeku,Dooktera...Lawyera... Manaajera...Pirofeesara... Injiinara... Maastera...Daangaa hin qabu heedduu...Lakkoofsa gonfoodhaan taaneerra kan weedduu

Yoo ta’es haa ta’u barnootni gaariidha,Yoo baratan qofa sammuu gogaan jiidha,Yoos karaa argatanii waan ulfaa’an da’u,Yoos haalaan deemanii bakka yaadan ga’u,Bukoon yoos bilchaatee dhamdhamnisaa tola,Nama baratetu eenyumaasaaf lola,Yoo barnoota dhabne nutti kolfa ormuu,Barnootni gaariidha ani barnoota hin mormu,

Garuu... Garuu... Garuu... Yoon barumsa koo kana gudunfadhee dhokse,Yoon jiidhaa liqimsee of keesaatti gogse,yoo beekumsa koorraa wallaalaan hin bariin,Yoon qooda gumaachee sammuu doome hin qariin,Yoon hundeesaa suphee seenaa jige hin kaasiin,Yoon lammii koo tirsee goodaa keessaa hin baasiin,Yoon safuuf gad jedhee tarkaanfi i koo hin eegiin,Yoon dhugaa mul’isuuf lubbuu koo hin wareegiin...Maal fayyada barnootni maal bu’aanni laatu ?Buddeena yoo ta’e ilkaansaa qabaannaan kolfaniiyyuu ni nyaatu!

BARRUULEE KALAQAA

8 Siifsiin Jildii 3

Fallisaa BarumsaHordaan koo qalama ittiinan bajjii baasaOyiruun koo waraqaa irrattan barreessaMidhaan facaaseetan hiyyummaa balleessaHar’a ijaa ba’uuf doofummaa kaleessaaAfaan koon haasawaan afaan koon barreessa

Qalama qawween koo waraqaadha dirreen kooDammaqsee nakakaasee jabeesse haamileekooKan ormi bulchuu yaade jaarraa tokko hambiseeHojjetaa godhachuuf barumsa irraa ittiseeTaaddee ilma Birruu kanatu aarsee kaasee

Ilmi Birruu Taaddeen dhalootaan salaalee Kaayyoosaa bakkaan ga’uuf ofduuba hinilaalleSabasaa cunqursuuf kan ormi itti maleBa’ee nurra taa’ee akka waan nucaalee “Fallisaa barumsa” jedhee.. kallattiin ilaalee!

Lataa Qana’[email protected]+251 920 409 265

Marabbaa Ulfi naamarabbaaulfi [email protected]+251 921 511 201

Page 9: Seensa - oromiatimes.files.wordpress.com · 7 Hunduu yeroo qaba–Wanti yeroon alaa nama ciiggaasisa. 8 Maal faayidaan barnootaa–Beekumsi eenyuuf akka ta’e. ... hiriyyoonni yeroo

Siifsiin Jildii 3 9

BARRUULEE KALAQAA

H ima afaan alagaa kana mee dubbisaa: “ahun andi sewu mexto ‘Abbabaa Kab-badaa’ bil min tilaallaachihu?” jedhe

namichi. Namni deebii kenne hin turre; garuu hundinuu ni kolfe! Anis nan kolfe. Hima kana kanan dhagahe Yunivarsiitii Finfinnee keessatti waggoota 30 dura ture. Namichis barsiisaa (lec-turer) ture. Barumsi inni wayitii sanatti barsiisaa ture ‘Sociolinguistics’ jedhama. Wanti ani irraan-fachuu dadhabe yeroo ormi dhimma keenyatti kolfu anillee wajjin kolfuu koo ti. Dheekkamuu yoon dadhabe callisuutu narra ture, natti fakkaata. Dallansuu agarsiisuu jechuu dha. Dallanuun koo dhiibbaa fidus fiduu baatus dhimmi itti baacame dhimma uummata kootii ta’uu agarsiisuun waan tokko ture! (Namichi immoo namni kolfinaaniif naa kolfani hoo jedheetu guyyoota adda addaatti irra deddeebi’aa ture).

Egaa dubbiin itti gala qabdi. Itti galli (ka’umsi) dhimma kanaa moggaasa qubee irratti ibsa xiqqoo kennuu dha. Moggaasni qubee ka’umsa guddaa of keessaa qaba. Warri duraan itti yaadanii moggaasan galata haa argatan. Moggaasni qubee akkaataa sirna dubbachuu Afaan Oromoo irratti kan hundaa’e ta’uu nuhubachiisa. (Afaanotni biroo hedduunis akkaataa dubbachuu afaanota isaanii irratti hundaa’anii qopheeffatan. Dhimma kana yeroo biroo itti deebina ta’a. Dubbii keenya irratti barreeffama kana akkaataan anitti qopheesse hangan danda’etti jecha tokko qofa qofaan kaa’uu dhaani. Jechoota lama sadii ‘walitti’ hidhuun dheerina barreeffama keenyaatiin wal biratti yeroo ilaalamu gaarii natti hin fakkaatu. Kompiyuutarris bakka duduwwaa dheeressee kaa’a waan ta’eef hin bareedu; bakkas nuuf hin qusatu!).

A,B,C,D… (a,b,c,d…) jennee qubee waamuun keenya itti gala qaba. Adeemsi moggaasa kanaa ka’umsa qaba. Ka’umsi moggaasa kanaa bu’uura amala Afaan Oromoo (Oromo language characteristics) ti. Maqaan Oromoos kana irratti hundaa’ee jira. Fakkeenya maqaa Oromoo mee haa

ilaallu: Amantee, Ayyaantuu, Badhaasaa, Caalii, Dagaagaa, Dhaabaa, Dotii, Eebbaa, Fufaa, Gaarii, Gaaddisee, Hundasaa, Irrecho/Irresso, Jaatanii, Kamisoo, Korbessoo, Lammeessaa, Margaa, Morkaa, Nadhaa, Olaanii, Qananii, Reebu, Roorroo, Surraa, Suphaa, Tolaa, Turaa, Uummataa, Urgeessoo/Urgeechoo Waariyoo, Xaddachoo, Yaadanii/Yaadashii, Yuubee, Nyaaroo, Shuuramuu.

Maqootiin armaan olitti tarreeffaman akkaataa Oromoon maqaa moggaasuu fi waamu mul’isu. Sagalee fi sirna ykn seera afaanichi qabu irratti hundoofnee itti fayyadamna jechuu dha. Sagalee fi sirna afaanichaa tiin ala deemuu hin dandeenyu; yoo deemne illee ni dogoggorra malee waan firii qabu buusuu hin dandeenyu. Maaliif jennaan afaan sirna ittiin ijaarame qaba waan ta’eef sirna sana sirriitti hordofnee itti hin fayyadamnu taanaan ergaa dabarsuu hin dandeenyu waan ta’eefi!

Ormi keessa maqichaa hin beekne jibba mul’isuu danda’a. Jibbi kunis ka’umsa adda addaa qabaachuu mala. Ka’umsi jibbichaa inni tokko duuchaadhumatti “maaliifan dubba-tamuu afaanichaa dhagaha?” kan jedhu ta’uu danda’a. Inni biroo tokko immoo maaliif afaanichi as bahee mul’ata, maaliif guddata kan jedhus ni jiraata. Yaadni akkasii tarii afaan isaanii duraan hunda biratti beekameera jedhamu irratti dhiibbaa hamaa fida sodaa jedhu irraa kan madde ta’uu danda’a. Qubee irratti bifa baacootiin waan dubbatame kana mee haa ilaallu:

“Ke abacada yishalal cemdaaddaa” jedhan. Jechi kun jibbas tuffiis of keessaa qaba. Itti galli isaa

Moggaasa qubee irraa waan hubannu

abd ef gh ij kl m

c

Page 10: Seensa - oromiatimes.files.wordpress.com · 7 Hunduu yeroo qaba–Wanti yeroon alaa nama ciiggaasisa. 8 Maal faayidaan barnootaa–Beekumsi eenyuuf akka ta’e. ... hiriyyoonni yeroo

10 Siifsiin Jildii 3

BARRUULEE KALAQAA

garuu deemee deemee qubee jibbisiisuu dhaan yeroo dheeraa keessatti akka inni hafu/badu gochuu dha. Keessumattuu daa’imman beenu galoo hin beekne jibbi akka keessa isaaniitti uumamu gochuu dha. Dhimmicha gadi fageenyaan yoo ilaaluu baatne qoosaa xiqqoo nama kofalchiisuuf yaadame fakkaata. Gadi fageessinee yoo ilaalle garuu summiidhaan makamaa ta’uu hubanna. Wanti qoosaa fakkaatu biroo tokkos jira. Mee ilaalaa: “’Six’ sil yihenne new meshesh aalee”.Ishee kana cimsinee xiinxaluu qabna dhiiro dubaro! Dhimmichi isa qubeen Afaan Oromoof akka tolutti tolfame akka dogoggoraatti nama fudhachiisuuf kan yaalame. Qubee keessatti akkuma hundi keenya warri qubee beeknuu fi itti fayyadamnu hubannu qubeen “X” jedhamu maqaan biraa kennameefii sagalee Afaan Oromoo keessa jiru akka

bakka bu’u godhameera. Kana waan ta’eef, jechi Afaan Ingilizii “six” (jaha) jedhu sababa “x”n

Afaan Oromo keessatti jijjiirameef ijoolleen Afaan Ingilizii sirriitti hin dubbistu ergaa

jedhu dabarsuuf waan itti yaadamee kaa’ame. Deebii sirreessaa dhimma

kanaa gabaabumatti Afaan tokko yeroo barannu bu’uura amala afaanichaa fudhannee ta’uu qaba. Kanaaf moggaasa qubee dursinee barachuun amala Afaan Oromoo beekuuf gatii nu gargaaruuf. (Bal’ina isaa keessa ooluun mata duree keenya irraa maquu/qoluu waan ta’uuf hanga mata duree birootiin itti deebinutti bira haa tarru!) Moggaasa qubeetti yoo deebinu osoo dubbistootni keenya nu hin nuffin maaltu akka

qubee adda taasisu waa xiqqoo ishee ilaallee xumurra. Qubee

maaltu akka adda taasisu: Qubee wanti adda taasisu dhimmi guddichi

qubeen (letter) tokko yeroo hundumaa sagalee tokko qofaa qabaachuu

isaa ti. (Dubbistuun gabaabbachuu fi dheerachuun, dubbifamaan laafuu fi

jabaachuun jijjiirama jechaa fiduun akka jirutti ta’ee!) Kana jechuun ‘a’ /a/ irraa eegalee

hanga ‘y’ /y/tti ykn ‘z’ /z/tti qubeen tokko sagalee (sound) tokko qofaa qaba. Kun dhimma baay’ee guddaa dha. Barreeffamni afaanota biroo kanaan wal hin fakkaatan. Fakkeenyaaf, Afaan Ingilizii yoo ilaalle qubeen ‘a’ /a/ qofti berreeffama

keessatti akki itti dubbifamu gara afurii ykn afurii olii ti. Fakkeenya: ‘a’n ‘art’ keessa jiru akkuma qubee keenyaa ti. ‘a’ n ‘wall’ keessa jiru sagalee ‘o’ qaba; sagaleen /a/ ‘age’ keessa jiru sagalee /e/ nuti jennu qaba; /a/n ‘village’ keessa jiru isa nuti /i/ jennu fakkaata. Afaan Inglizii keessa wantootni akkasii hedduudha. Qubeewwan osoo sagalee hin qabaatin callisanii barreeffamanis hedduutu jiru. (Psychology, knife, chateau…)

Qabxiin biroo tokko immoo qubeen (letter) tokko sagalee tokko waan agarsiisuuf barreeffama ammayyaa warra jedhaman keessaa isa tokko ta’eera. Tarii yeroo ijaan ilaallu baay’inni qubee haa jiraatu malee barreeffama ammayyaati qubeen. Warra “Alphabetic Writing” jedhaman keessaa tokko jechuu dha. Qubee ‘Sabean’ yoo fudhanne akkana miti. Jarri “syllabic writing” jedhamu. Qubeen (letter) isaanii tokko sagalee lama ykn sadii qaba. Qubee keenyaan wal bira qabnee yeroo ilaallu sadarkaa tokkoon duubatti hafaniiru jechuu dha. Kanaaf yeroo qubeedhaan barreessinu baay‘ina qubee (letters) tiin wal dorgomsiisuun (comparing) dogoggora; wal hin fakkaatan waan ta’eef. (Gama biroo tiin immoo fuul duratti mee dhimma qubee sakatta’uu – Review – irratti mariyachuu dandeenya)

Kanaaf akkaataan qubeen itti qopheeffamte bifa ammayyaatiin irratti yaadamee ti. Hayyootni dhimma kana irratti yaadanii qopheessan (Hayilee Fidaafaan) galata guddaa haa argatanu! Barreeffamattii kana beekaan gabaabse. Yoo dheerate nama nuffisiisa ta’aaf. Fincaan sangaa wanti jedhamu tokko jira. Barreffamni akkas ta’uu hin qabu jedheen amana. Gosti adda addaa baay’achuu wayya malee tokkichi gar malee baay’achuun hin bareedu natti fakkaata. (Kanaaf Ingliziin “variety is spice of life” jedhan). Mee isa dhufutti immoo bu’aa qubeen qabdu ilaalla. Ittiin nu haa gahu!

Qubeen Afaan Oromoo Faaya Oromooti!

nopqrstuvxy

z

Taaddalaa Tafarraa+251 911 387 653

Page 11: Seensa - oromiatimes.files.wordpress.com · 7 Hunduu yeroo qaba–Wanti yeroon alaa nama ciiggaasisa. 8 Maal faayidaan barnootaa–Beekumsi eenyuuf akka ta’e. ... hiriyyoonni yeroo

Siifsiin Jildii 3 11

AFOOLA UUMMATAA

B aacoon aartii uummata Oromoo bashan-nansiisaa barsiisudha. Itti dabalas fedhii dubbisuufi barreessuu dubbisaa yookaan

barreessaa kan guddisuudha. Haaluma kanaan baacoo godina Gujii keessaa kan arganne akka amaan gadiitti dhiyeessuuf yaalleerra.

1. Ifii boo’e moo isinii boo’e?Durii durii jedhan namicha tokkotu jira. Namichi kun qabeenya kana hinjenne kanneen akka: loon, gaala, farda, gaangee, re’ee, hoolaafi lukkuu kanneeniifi kan biroo bacaa qaba. Haata’u malee namichi kun fira, hiriyyaa, jaala, maatii tokkoyyuu hinqabu ture. Sababa kanarraan kan ka’e namootni naannaa sana jiraatan tokkoyyuu isa hinjaallatan ture. Hinaaffaa qabeenya isaa kanarraan kan ka’e, guyyuma guyyaatti aaddee isa itti arganuufi ijjeesan barbaaddataa turan. Sababnisaa nama isa gargaaruufi dhiiga isaa baasa jedhanii yaadan waa hinqabneef. Haata’u malee, namichi kun horii isaatiin cinatti saroota jaatama maqaan isaanii ifii boo’a jedhamu horsiisee qaba. Guyyaa tokko utuu horii obaa geeffatee deebi’uu diinoti isaa dedha itti dhufani “duruu galtaa har’a hingaltuu dhaammadhu” jedhaniin. Jennaan namichis abbaa lubbuu waan ta’eef, aboo dhiiroo na ajjeesiinaa waa isin barbaaddan mara isinii tolchaa jedhee kadhate. Isaanis baay’ee itti qoosanii duruu galtaa har’a gara deemtuu dhibii, duutee jirtaa dhaammadhu jedhaniin. Jennaan namichis takka mataa gara lafaa gadi qabatee dhiiroo ega isin jettanii na ajjeesaa; garuu waan tokko qofa naaf eyyamaa. Warri keenna yeroo du’u yookiin yoo ajjeesanuu ofii boo’a; aadaan warra kiyyaa harka na badiin ifii boo’aa naaf eyyamaa jedhee kadhate. Isaanis kollanii namichi gowwaan maali? Of lakkisii nuuf jettu ekeraa warrakeellee boo’i jedhaniin waan qabeenya qooddachuu haasa’uu jalqaban. Namichis muka yaabee “ifii boo’aa... ifii boo’aa... ifii boo’aa... ifii boo’aa... uuuuuuuuuuuuwwwwwwiiiiiiii” jedhee iyye. Yeruma sana adoo isaan gaalli kiyya, loon kiyya jedhaa walfalmanuu sarootni jaatamni addee isaan dhufanii namni hinbeekne fiigaa dhufanii lafee namootaas osoo hinhafiin caccabsan. Jennaan namichi mukarraa bu’ee ifii boo’emoo isinii boo’e jedhee gara manaa gala dhaabate.

2. Takka ifi kolla takka si kollaGuyyaa keessaa gaafa tokko naachi dhukkubsatee mana cidheessaa dhaqee dhiboo ofii cidheessaa himatee jennaan, cidheessis eega rakkoosaa dhaga’een booda, qorsi dhibooteet kanaa tiruu qalameeti, tiruu qalamee barbaadii nyaadhu jedheen. Naachis Waaqa kadhataa bishaan keessaa ba’ee muka cina galaanaa jiru tokko jala dhaqee ciise. Inni hin argine malee edaa qalameen muka kana gubbaa jirti. Dedha utuu inni hin argiin qalameen gubbaa gadi isi abbuyyo naacha har’a maan teetee muka ani gubbaa jiru jala dhuttee ciitte jettee gaafatte. Naachis qalamee ta’uu erga bareen booda, hoola abuyyaa tiyya, foon adoo nyaadhuu baddeessaa ilkaan kaarroo naseene koottuu ilkaan kiyya keessaa fudhadhu tanaa isin barbaaduu jira jedheen. Qalameellee gammadaa mukarraa irrii gadi hoola abuyyoon gudduma naarakkattani jedhaa irii gadi buutee meeti ilkaan kam keessa sijirti baddeessaan? jettee gaafatte. Naachi ilasaa banatee dhaphi godhee qabe. Baddeessaa maaliiti jiraa mitii anuu ka sila du’u Waaqi si naaf baasee lubbuu nabitee mana cidheessaa dhaqnaan tiruukee naa ajajanii homaa godhee hin danda’uu adoo wal jaallannuu wal nyaannaa jedheen. Qalameenis muddamtee gadi jettee ol jettee yaada galfatte. “Hoola abuyyoon tiruu tiyya xiqqoo tanaa jettee maaf jaalalli kiyyaaf kee badaa miti. Ani duruu beekee tiruu qorsa qofaaf teetu utuu hinta’iin,ta ati nyaattees quuftuu muka kana gubbaa naqeeraa dhaqeen siifida nagadhiisi” jetteen. Naachis qorichaaf qofa osoo hinta’iin, quufaafis waan ga’u eega dhaga’een booda ani duruu filannoo dhabe maaliif duuta atis beenu dhaqii fidii jedhee gadhiise. Qalameen xulluphi jettee muka kortee qas qas qas qas jettee kolfite. Naachi irri ol laalee isi abuyyoo maal kolfita? jedhee gaafate. Qalameenis takka sikollaa, takka ofi kollaa jetteen!

Baacoowwan Oromoo (Godina Gujii)

Jiloo Kemee [email protected]+251 912 332 674

Page 12: Seensa - oromiatimes.files.wordpress.com · 7 Hunduu yeroo qaba–Wanti yeroon alaa nama ciiggaasisa. 8 Maal faayidaan barnootaa–Beekumsi eenyuuf akka ta’e. ... hiriyyoonni yeroo

AFOOLA UUMMATAA AFOOLA UUMMATAA

H arreen waraabessaan waliin fi rummaa akka hin qabne otoo beektuu mucaan waraabuu du’uu dhageenyaan ilmoon

akkuma ofi itii, du’a gayii geenyu malee jechuud-haan ijoollee ishii dhiphisuun otoo itti himanuu dirqisiiftee gara du’a gayiitti balashee kuula ol-dachaasatanii qajeelan. Ijoolleen harree tarkaanfi i haadha isaaniitti aaran kun karaatti akkam go-chuun isaan irra akka jiru yaadaa dhaqan. Akka waraabessi garaa isaanii hin laafne, beekkatanii tooftaa ittiin waraabessicha harkaas ba’an haadha isaaniis gammachiisan soqaa achi ga’an. Akkuma achi ga’aniniis hoomaa waraabessaa du’a ga’ii taa’u yeroo argan gurra isaanii qaruun dhaaba-nii haadha isaanii hordofuun mana naanna’anii boo’uutti ka’an.

“Gama sanaa yuustuu gamana fakkaata sagaleen keessanii, diiminuma nyaattuu adiidhuma kana udaan keessanii, Isinuu hin hamatuu maaltu nyaate mucaa keessanii?...” jedhanii dallaa naanna’anii yeroo isaan iyya kutan, haati harree garuu waa otoo hin kennin akkamittan deema jettee deebitee teessee

Harreefi waraabessayaaduutti kaate. Sabbatatti waa gudunfattee hin dhufne; sabbatuma hin qabdu. Haa ta’u iyyuu malee, teessee itti yaaddee eegeedhamoo hidhii kennuu akka wayyu yoo mari’achuuf of-cinaa ilaaltu ijoolleen ishii hin jiran. “Hidhiin kennee deema” jette. “Warrakoo jabaadhaa abbaan mucaa as-ba’ii hidhii kiyya gara olii suuta jedhii kutadhu” ittiin jette. Waraabessis kana gammadee, hidhii harree murate, yeroo ishiin baatee qajeeltu, “haadhoo harree mee as garagali” jedhaniin.Yeroo kana ilkaan ishii irra keessaa qullaadha; waan kofaltu fakkaatti. Waroonis, ilmoodhuma hundaatu du’aa, kan ilmoo keenyaa maaf kolfa ta’ee? jechuun itti dirrisee garaa ishii jigse. Tolli akkasitti ishiidhaaf deebi’e.

isaan iyya kutan, haati harree garuu waa otoo hin kennin akkamittan deema jettee deebitee teessee

Jechamoota Eebicha jejjedha Ni hadhaa’aEeboo warraakse Lolaaf ka’eFaallesse MormeFaana hooqe Deemsa kajeelchiseFixeensa ganamaati Dafee badaFoon leellisa Fira ho’isaGaaddisa ta’eef BoqochiiseGaaddisa seene BoqoteGaraa bal’ata Obsa qabaGurra buuse Itti himeGurra guddata Maqaa gaari qabaIja hin fuutu Hin qaanoftu

MammaaksaAariin abbaa ajjeeftu, ilmatti ceeti.Abbaan booka dhugeef, ilmi afaan hin urgaa’u.Yoo abbaan iyyutu, ollaan namaa dirmata.Abiddi abbaa irra taa’e, guba.Afaan leencaa, huubni hin kajeelu.Afaan nyaata bare, bulluqa alanfata.Akkeessaa fardaa harreen lafa dhiitti. Bakka fardi hin jirre, harreetu garmaama.Bakka qeerransi ka’e, jaldeessi taa’a.Bakkuma roobe, dhoqqeessa.Duruu gurraachaa ittuu nugubanii jette nuugiin.Leenci rafe waan du’e fakkaata.

12 Siifsiin Jildii 3

Dr. Firaa’ol Taammiruu Kabbadaafi [email protected]+251 910 856 904

Page 13: Seensa - oromiatimes.files.wordpress.com · 7 Hunduu yeroo qaba–Wanti yeroon alaa nama ciiggaasisa. 8 Maal faayidaan barnootaa–Beekumsi eenyuuf akka ta’e. ... hiriyyoonni yeroo

Siifsiin Jildii 3 13

AFOOLA UUMMATAA

SiiqqeeU ummanni Oromoo sirna jiruufi jireenya

isaa keessatti aadaa akka cirracha galaa-na keessaa hammaaramee hindhumne

baay’inaan qaba. Aadaan kanneenis kan uffan-naa, nyaataa, safeeffannaa, waaqeffannaa, aman-tii, bulchiinsaafi kan kana fakkaatan tarreessuun ni danda’ama. Bu’uura kanaan barruulee kana keessatti, akkuma aadaa bulchiinsa Oromoo kees-satti sirni Gadaa iddoo olaanaa qabu, sirni Siiqqee dubartootaas gahee taphatu dhiyyeessuuf barbaa-deen. Siiqqeen mallattoo aangoofi mirga dubar-toonni Oromoo aadaadhaan qaban agarsiisuudha. Siiqqeen ulee qal’oo dheertuudha. Kunis, kan qa-qamte, diimatteefi simooftedha.

Kanamalees, qajeeltuufi dirraan walqixxooftuu kan ijoo hinqabnedha. Siiqqee namni hundi yookaan dubartiin hundi hinqabattu. Kan qabachuu dandeessu dubartii heerumte qofa. Kan heerumtes taatu yeroo hunda hinqabattu; kan qabattee baatu yeroo lolli, waraanni, muddamni, daddarbaan, cunqursaan, haala waliigalaan yeroo rakkoon jiraatu qabattee baati. Siiqqeen kabaja, ulfina, saalfiifi sodaatama guddaa qabdi. Akka ulee biroo siiqqeen horii ittiin hin tiksan, hinrukutan; sareetti hindarbatan; fardeen ittiin hindhahan; akkasumas dhadhaabbachuuf hin gargaaraman. Seeraaf qabatan malee. Kanaafuu, dubartiin siiqqee qabatte nisodaatamti; nisaalfatamti; nikabajamti. Dubartiin siiqqee qabattee yoo namatti dhufte hinqaxxaamuran; nama hofkolchitu malee bira darbanii hindeeman. Malkaas ishii dura hin cehan.

1. Faayidaa SiiqqeeAadaa Oromoo keessatti siiqqeen faayidaa hedduu qabdi. Akka waliigalaatti yoo ilaalamu: gaa’ela gaggeessuuf, waaqa kadhachuuf, araarsuufi dhimma lolaa (waraanaa) tasgabbeessuufi kkf geggeessuuf oolti. Qabxiilee kanneenis warreen ijoo ta’an akka armaan gadiitti dhiyaataniiru.

1. 1 Gaa’ela GaggeessuufSirna fuudhaafi heerumaa geggeeffamu keessatti siiqqeen iddoo olaanaa qabdi. Haala kanas bifa lamaan ilaaluun nidanda’ama.

1. 2 Gaa’ela Rakkoon RaawwatamuSirni fuudhaafi heerumaa rakkoon raawwatamu karaa seera qabeessa ta’een warri gurbaafi warri durbaa walqoratanii kan walirraa fuudhaniidha. Adeemsa kana keessattis dubartiin sun gaafa heerumtu siiqqee qabattee heerumti. Kunimmoo seeraafi duudhaa hawaasichaa guutuufi aangoo qabaachuu ishii kan itti mirkaneeffattuudha. Kanaan alatti immoo ulfinaafi kabaja qabaachuu ishii kan agarsiisuudha. Iddoo deemtu sanattis akka saalfatamtu, sodaatamtuufi kabaja akka argattu ishii taasisa jechuudha.

1.3 Heeruma Haftuu DurbaafAadaa Oromoo keessatti akka carraa ta’ee dubartiin tokko otoo hin kadhimamin turtee haftuu ta’uu dandeessi. Kanaafuu, dubartiin otoo hinkadhatamiin turtee umuriin koo darbuuf jettee yaadde akkuma dhiirri kadhatee fuudhu,

Dr. Firaa’ol Taammiruu [email protected]+251 910 856 904

Page 14: Seensa - oromiatimes.files.wordpress.com · 7 Hunduu yeroo qaba–Wanti yeroon alaa nama ciiggaasisa. 8 Maal faayidaan barnootaa–Beekumsi eenyuuf akka ta’e. ... hiriyyoonni yeroo

14 Siifsiin Jildii 3

AFOOLA UUMMATAA

dubartiinis seera siiqqee keessatti kadhattee fuudhuuf mirga qabdi. Kanas raawwachuuf adeemsa keessa dabartu qabdi. Jalqabarratti haadha siiqqee (haadha manaa abbaa Gadaa) mariisisti. Kanas quxisuun koo daa’ima dhungatte; anas nahawwisiise jettee himatti. Haati siiqqees “kanaaf maal barbaadde?” jettee gaafatti. Ishiinis, ilma abaluuttan (nama itti heerumuu barbaaddu) maqaa dhawuun itti himti. Haala kanaan, haati siiqqees waan qabachuufi gochuu qabdu gorsitee gadhiisti. Dubartiin kunis, hiddii, buna duudaa, marga jiidhaafi siiqqee qabattee gara mana gurbaa itti heerumuu barbaaddee deemti. Akka achi geesseenis siiqqee darbattee mooraa keessa buusuun karra jala teessee akkas jechuun lallabdi.“Taa’ee hin ka’u, seenee hin ba’u” jetti.

Haati siiqqee sunimmoo akka nama haaraatti jaarsa qabattee “maal taate?” jettee gaafatti. Erga odeeffannoo argatanii booda battaluma jaarsolii walitti qabanii rakoo qalsiisu. Kan biraa kadhateellee yoo jiraate ishii dhiisee ishii kanatti rakoo qala. Ishiin bareedduus taatu fokkiftuu diduu hindanda’u. Kanaaf seera guutaaf. Yoo ishii duraa hindhiisu jedhee yaademmoo ishii siiqqeen dhufteef seera guutee gaggeessuu danda’a. Kanas, dubartiin sun akkas jettee gaafatti. “Qaamni miiraa shan, seerri Gadaa shan; kana naaf guuti” jetti. Innis seera kana guutuun dirqama isaati. Gama biraatiin, meeshaaleen dubartiin sun qabattee deemtu hiika mataa isaanii qabu. Isaanis:

Hiddii: hiddiin garaa miciraani. Kanaafuu, akka hiddii kanaa waliin horra, hormaata arganna; waliin jiraanna ergaa jedhu qaba.

Buna duudaa: bunni ulfina, kabaja. Kanamalees, qarree koo qabadheen dhufe, kanaaf waljaallannee, walitti urgoofnee waliin jiraanna jechuu agarsiisa.

Marga jiidhaa: margi jiidhaan irreessa. Lattuu, lalisaa, hormaata kanaan alattis hawwii gaarii waliif qabaachuu mul’isa.

Siiqqee: siiqqeen mallattoo aangooti. Kanaafuu, siiqqee kana qabattee seera ishii raawwachiisuu kan dandeessu ta’uu bakka bu’a.

1. 4 Kadhaa WaaqaafFaayidaan siiqqee inni biraan tajaajila kadhaa waaqaaf ooluu ishiiti. Kunis, yeroo bonni guddatee

hongeen nama, horiifi uumama hundatti hammaatu waaqa kadhachuuf dubartoonni siiqqee qabatanii ba’u. Siiqqee birattis, aannan, dhadhaafi irreessa qabatu. Dhadhaan mataa jiifatu; aannan dhibaafatu, akkasumas marga jiidhaa sanammoo itti irreeffa-tanii waaqa kadhatu. Yeroo waaqa kadhatanis akkas jedhu: Luka daaraan dhufne, miila dhoqqeen nugalchi…

Kana jechuun bonni hammaateera, rakkoo qaqqabsiiseera; nuudhagahi; rakkoo keessaa nubaasi; nubadhaadhi ergaa jedhu qaba.

1. 5 Araaraaf Oolti.Siiqqeen araarsuufis ni oolti. Keessattuu, abbaa manaafi haadha manaa araarsuu keessatti gahee olaanaa qabdi. Abbaan manaafi haati manaa sababa adda addaan walitti bu’uu danda’u. Seera siiqqee keessatti, dubartiin tokko deessee ji’a lamaan duratti yoo wajjin ciisee fedhii foonii raawwate yakka. Dubartii dugda bukoo kan hinjabaanne akka waan gudeedeetti lakkaa’ama.

Dhimma kanas, haadha siiqqeetti himuun dubartiin naannoo itti bahuun siiqqee qabatanii itti ililchu. Haala kanas balleessaa ta’uu, yakka kan uume ta’uusaaf seera itti muru. Seerri kunis tokko korma irraa qalu, lammaffaammoo inni dirriba akka ishii uffisu gochuun walitti araarsu.

Gogaa korma irraa qalataniis tatarsaasanii siiqqee isaaniitti maratu. Kun immoo seera siiqqee ta’uufi siiqqeen ulfinaafi kabaja qabu cinaatti aangoo qabaachuu kan agarsiisudha.

1. 6 Lola yookaan Waraana DhaabsisuufAdeemsa jiruufi jireenyaa keessatti namoonni waliin jiraatan yookaan diinni naannoo biraarraa dhufuun sababa adda addaan yoo walitti bu’uun lola yookaan waraana guddaa keessa seenuu danda’u. Lola yookaan waraana gosa gidduutti uumamu salphaatti dhaabuun rakkisaadha.Haata’u malee, dubartoonni siiqqee qabachuun walgahanii lola yookaan waraana kana gidduu yoo seenan lolli yookaan waraanni sun battalumatti dhaabbata. Kana jechuun siiqqeen dubartootaa ulfinaafi kabaja hammamii akka qabu agarsiisa. Siiqqee yoo hinqabaanne garuu mootummaan hagam humna qabuyyuu akka siiqqeetti battala sanatti waraana dhaabuu hin danda’u. Akka tasaa ta’ee gareen tokko kan didu yoo ta’e,

Page 15: Seensa - oromiatimes.files.wordpress.com · 7 Hunduu yeroo qaba–Wanti yeroon alaa nama ciiggaasisa. 8 Maal faayidaan barnootaa–Beekumsi eenyuuf akka ta’e. ... hiriyyoonni yeroo

AFOOLA UUMMATAA

“Waaqa nagaan nu bulchite nagaan nu oolchi” Kan nagaan nu oolchites nagaan nu bulchiIrraa goraafi dogoggora nu oolchiTolaa nutti qabiHamaa ammaataa nuttii qabiKeenyaan nu oolchi keenyaan nu bulchiBiyyaafi qe’ee keenya irratti nu moosisiYaa Rabbi tokko nu taasisiYaadaafi qalbii keenya wal simachiisiWallaalaa nuu beeksisiBeekaa nuuf bulchiXinnaa nuuf guddisiGuddaa nuuf hitichiDhalataan keenya baratee haa fulla’uBarsiisaan keenya barsiisee haa milkaa’uQotee bulaan keenya qotee gootaraa haa guutuDaldalaan keenya daldalee haa buusuKan badhaadhina keenya jibbu haa baduKan tokkummaa keenyatti gaadu haa diigamu

Dhalataan keenya baratee haa fulla’uBarsiisaan keenya barsiisee haa milkaa’uQotee bulaan keenya qotee gootaraa haa guutuDaldalaan keenya daldalee haa buusuKan badhaadhina keenya jibbu haa baduKan tokkummaa keenyatti gaadu haa diigamuKan guyyaa nutti malu aduun itti haa dhiituKan alkan nutti malu lafti itti haa bariituWaaqni keenya saba dhugaan bulu nu haa godhuKan dhugaa keenya jal’isu dhallisaa haa jal’atuKan dhalataan keenya akka hin guddanne godhu daaraa haa ta’uDiinnii keenya…

…daakuu bishaan lixxe…awwaara bubbeen fuute

…iddii fardi irra ejjete haa taatu Ani xiqqeesseen eebbisaa Waaqni guddisee nuuf haa dhaga’uGadaan quufaa gabbina gabbisi Waaqa.

Eebba Oromoo

gara isa tole jedhee eebbisuun isa didemmoo abaaruun mataa siiqqee walitti dhaabuun isa jala hulluuqanii akka darban godhu. Kunis diina kee mo’i, daandii jalaa baatuufi irra aantu argadhu jechuudha. Yeroo eebbisanis, “dhukkuba qileen qabi; diina waraanaan qabi” jedhanii yoo eebbisan injifannoon deebi’u. Garaa qulqulluun waan eebbisaniif Waaqayyos isaan dhagaha. Warri didan sun gonkumaa akka hin oofkolle, irra hinoolle dubbatu. Walumaagalatti, siiqqeen haala jiruufi jireenya hawaasa Oromoo keessatti faayidaa hedduu qabaachuu ishii hubachuun nidanda’ama. Dabalatas, siiqqeen gaa’ela gaggeessuuf, waaqa kadhachuuf, araarsuuf, dhimma lolaa (waraanaa)

tasgabbeessuuf kanaan alattis kan hiyyoome yookaan qabeenya balaan barbadaa’e hirpha kadhachuuf, dubartii dhala dhabde guddifachaa kadhachuuf, dubartii karaa deemtu akka dhiirri hintuqneef, intala heerumte ittiin mana baasuufi waan kana fakkaatan raawwachuuf faayidaa siiqqeen qabdu guddaa ta’uu hubanna

Geetaachoo Rabbirraa [email protected] +251 911 347 815

Siifsiin Jildii 3 15

Moonenus [email protected]+251 910 505 222

Page 16: Seensa - oromiatimes.files.wordpress.com · 7 Hunduu yeroo qaba–Wanti yeroon alaa nama ciiggaasisa. 8 Maal faayidaan barnootaa–Beekumsi eenyuuf akka ta’e. ... hiriyyoonni yeroo

16 Siifsiin Jildii 3

BEEKUMSA WALII GALAA Barreeffama CCL irraa argame

G anni darbee guyyaa gaariin tokko erga dhufee booda goondaan muraasi gom-bisaa midhaanii isaan isa yeroo bokkaan

coccobu duraa ukkaamfamee tortore gogfachuutti dhama’u turan. Yerosuma quruphisi tokko dhuftee akka isaan midhaan muraasa isheef hambisaniif kadhatte, “Sababiin isaa, salphaadhumatti ani beela’aan jira” isaaniin jette. Tuuti goondaa sunis xiqqoo isheetiif hojjechuu dhiisanii takkaa dhaab-batanii waanti kun seer-bu’uura isaanii wajjin akka wal hin simanne yaadaa, “Mee waa si gaafan-

Quruphisaafi Goondaa Geggeessummaa seenaan ibsuu

nuu?” ittiin jedhan. “Ati ganna darbe guutuu maal hojjechaa turtee? Maaliif bona itti aanuuf kuufa-ma nyaataa walitti hin qabanne?” jedhanii gaaf-fii baay’ee gaafatan. Quruphisattiinis deebiftee,“ Dhuguma sirbaa waanan tureef yeroo argachuu hin dandeenye ”jette. Tuuti goondaa sunis deebi-sanii, “Ganna guutuu sirbaa baate erga ta’ee, bona kana immoo shubbisuu irraan kan hafe waan bi-raa hojjechuu hin dandeessu” ittiin jedhanii kolfaa gara hojii isaaniitti deebi’an.

Seer

-bu

’uu

raM

ari

iB

arno

ota Guyyaa bokkaatiif waa qusachuun barbaachisaadha, waan jireenya keessatti bor sitti

dhufuu danda’u hin beektu. Hojii kaa’achuun (waan amma hojjechuu danda’an boriif dhiisuun) rakkina hin yaadamnetti dabarsee nama kennuu danda’a.

Fedhii yeroo dheeraa fi kan yeroo gabaabaa madaallii isaanii eeguun barbaa chisaa dha.Goondaa isa gar-malee dadhabee hojjetuu fi quruphisa isa bashannana jaallatu gidduu bakki giddu-galeessa ta’e ni jiraataa? Ati caalaatti isa tokko moo isa kaan fakkaattaa?

Amalli maallaqatti fayyadama kee maal fakkaata? Guyyaa bokkaatiif jettee ol kaa’atta ni qusatta moo yookiis akka bokkaadhumtuu hin jirretti yaadda?

Yoo quruphisi kun waan barbaaddu hin arganne ta’e iyyuu gurmuun goondaa sun amala qorophisaa bakkee baasuu isaaniitiin maal argatani?

Akkayya qalbii (mental models)- sababi gartuun goondaa sun quruphisattii gargaaruu didaniif isheen seer-bu’uura cimanii hojjechuu fi dursanii karoorfachuu isaan qaban irratti waliif galuu waan diddeefidha (waan hin jiraatiniif). Kallattii, Hiriirsuu, Of kennuu Gartuun goondaa sun galma nyaata bonaaf isaan ga’uu danda’u walitti qabachuu qabu turan, yeroodhaan itti dadhabanii hojjetan, hojii isaaniis milkeeffatan.

Wiirtuu geggeessummaa Addunyaawaatiin Center for Creative Leadership (CCL) irraa barreeffama argame.

Page 17: Seensa - oromiatimes.files.wordpress.com · 7 Hunduu yeroo qaba–Wanti yeroon alaa nama ciiggaasisa. 8 Maal faayidaan barnootaa–Beekumsi eenyuuf akka ta’e. ... hiriyyoonni yeroo

Siifsiin Jildii 3 17

BEEKUMSA WALII GALAA

A artiin bu’uura jireenya hawaasummaafi beekumsaa akka ta’e jildii keenya lam-maffaa keessatti seenaa kabajamaa Dr.

Alii Birraa yeroo kaafnetti eeruunkoo niyaadata-ma. Dr. Aliin akkuma Amarikaa gaheen Afaan In-gilizii akka afaan 2ffaa isaatti barachuu jalqabe. Itti fufuunis yaaxinaalee muuziqaa koolleejjii ‘Saantaa moonikaa’ jedhamu kan Amarikaa Kaalifoorniyaa keessatti argamutti barachuun beekumsa muuz-iqaa irratti qabus haalaan cimsate.

Bara 1989tti Biyya Saawud Arabiyaatii gara Iswiidinitti deemuun Afaan Iswiidish barachuu jalqabee turtii yeroon booda haadha manaa isaa Iswiidiniitti dhiisee gara Kanaadaa deeme. Aliin Afaan Ingilizii haala gaariin waan dubbatuuf achittis intala Kanaadaa tokkotti siqee ittiin wal baree ishees jaallate.

Bara 1992 tti jaalallee isaa waliin Kanaadaa Torontoo taa’ee haadha manaa isaa Iswiidishi taate waliin wal hiike. Yeroo kanatti Aliin sirboota isaan beekamtii guddaa argate. Sirboonni inni sirbus haalliifi yeroon kan hin jijjiirredha. Kana malees, sirboota isaa galma gurguddaa kan Finfinnee keessatti argaman kanneen akka “Haager Fiqiriifi Raastiyaatir” keessattiifi godinaalee Oromiyaa hedduu keessa naanna’uun sirboota isaa saba Oromoofi deeggertoota isaaf dhiyeessaa ture. Yeroo kanatti abbaan isaa nama Ahmad Taaqii jedhamu kan afaaniifi seenaa saba Oromootiif quuqamu tokko waliin wal barsiise. Haa ta’u malee, yeroo Mootummaa Dargii fonqolchuuf lolli taasifamu loltoota mootummaa kanaatiin Ahmad Taaqii ajjeefame. Maqaan nama kanaa kan biroo “Hundee” jedhama ture. Aliinis maqaa isaatiin sirba “yaa hundee bareedaa yaa fiixee miidhagaa” jechuun sirbe.

Sababuma kanaafis, Aliin mootummaa kana biratti akka mormituutti ilaalame. Afaan, seenaa, duudhaafi aartii Oromoorratti hojjechuun isaa isa adabsiise. Fakkaataa isaa akka bakka hin buufneef Aliin akka korma loonii kolaafame. Alii Birraan guddina aadaafi aartii Oromoorratti hedduu hojjeteera. Hojiiwwan hojjete kanaafis badhaasa

adda addaa argateera. Bara 1995 weellistoota Afrikaa Kanaadaa keessatti argaman keessaa hojii guddaa hojjechuun ‘’African Merits Award” badhaasa jedhu argateera. Bara 2010 Waxabajjii 12 Yunivarsiitii Jimmaa irraa “Dooktoreetii kabajaa” argateera. Bara 2000tti Aartiistoota seenaa, afaan, aadaa, duudhaafi aartii Oromoorratti hojjetan keessaa Dr. Alii Birraa Dhaabbanni Raadiyoofi Talavajiinii Oromiyaa sadarkaa 1ffaa irra teessisuun badhaaseera.

Dr. Alii Birraa sirboota kaasettiiwwan 37 ol baasuun hawaasasaa qaqqabsiiseera. Qorannoon irratti hojjetamuun qabiyyeewwan sirboota kanaa waa’ee barnootaa, siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa mara akka of keessatti haammatu ifa taasifameera. Afaanota 8 ol sirriitti dubbachuu danda’a. Sirboonni isaas guddina aadaafi aartii Oromootiif gumaacha guddaa taasisaniiru. Keessumattuu ‘Barnootaa 2x kana ta’uu qaba kaayyoon Oromootaa’ kan jedhu eenyuma birattuu kan yaadatamuudha. Yeroo ammaa kana Dr. Alii Birraa haadha manaa isaa Linii Markusiifi nama Muhaammad Shariif jedhamu waliin dhaabbata “Birra Children Education Foundation” jedhu magaalaa Dirree Dawaatti banuun daa’immaan maatii harka qalleeyyiifi maatii hin qabne barsiisaa jiru. Walumaagalatti artistoonni Oromoo karaa yeedaloo sirba walaloo isaaniitiin waa’ee eenyummaafi Oromummaa, waa’ee misoomaafi biyyaa, waa’ee goototaafi kkf waan faarsaniif miira ittiin hawaasa sochoosan qabu. Dr. Kabajamaa Artist weellisaa Alii Birraa ayyaana waggaa shantammaaffaasaa bara kana keessa kan ayyaaneffatuufi ammas hojiilee ajaa’ibaatiin kan sabasaa tajaajilaa jirudha. Kanaafuu, hayyuu keenya kanaaf umurii dheeraa hawwaa Oromoon dhuguma Oromummaatti dhalatee jiru gama dandeettii itti bobba’ee jiruutiin maal akka sabasaaf gumaachaa jiru akka of gaafatuuf dhaamsakoo dabarfachaa, kutaa sadaffaasaa jildii itti aanutti xiinxala sirbasaa qabiyyee garaagaraa keessatti qaaccesseen dhiyeessa.

Beekan Gulummaa Irranaa [email protected]

Seenaa Weellisaa Dooktora kabjaa Aartisti Alii Birraa Kutaa 2ffaa

Page 18: Seensa - oromiatimes.files.wordpress.com · 7 Hunduu yeroo qaba–Wanti yeroon alaa nama ciiggaasisa. 8 Maal faayidaan barnootaa–Beekumsi eenyuuf akka ta’e. ... hiriyyoonni yeroo

18 Siifsiin Jildii 3

BEEKUMSA WALII GALAA

A LA bara 1918 Kibba Bahaa (Afrikaa kib-baa) ganda baadiyaa Veezooo jedhamtu iddoo addaa Tiraaniskeetti dhalatan.

Maqaan maatiinsaanii moggaasaniif Rolihlaahilaa Dalibhunga Maandeellaa jedhama. Hiikni maqaas-aaniimmoo damee mukaati, hiika ‘jeeqaa’ jedhus akka qabu ni himama. Sana booda waggaa tor-batti mana barumsaa seenan. Maatiisaanii kees-saas namni yeroo jalqabaaf mana barumsaa dhaqe isaanidha. Akkuma mana barumsaa seenaniin maqaansaanii Neelsanitti jijjiirame. Yeros ijoolleen Afrikaa Kibbaa warri gurraachi maqaansaanii akka warri adii waamuuf tolutti maqaa jijjiirrachuun dirqama. Yeroo sanaa kaasee Neelsan Maandeellaa jedhamuun waamamuu eegalan.

Maandeellaan maatii moototaa Tembuu jedhaman waliin firooma qabu. Yeroo ijoollummaasaanii dirree magariisa Tiraaniskee jedhamu keessa burraaqaa guddatan gammachuun yaadatu. Tiraaniskeen iddoo godoon boca gaaguraatiin ijaaraman itti baay’atanii fi lafa itti tifkataniidha. Maandeellaan kan bu’aa ba’ii jireenyaa arguu jalqabanis ijoollummaasaaniittidha. Maandeellaan umurii waggaa 9tti abbaansaanii dhibee sombaatiin irraa du’e. Sana booda haadhasaanii jalatti guddatanis, waa’ee abbaasaanii garuu waan sammuu ijoollummaatti qabatan hin irraanfatan. Amalli isaan ijoollummaatti abbaasaaniirraa baratan sadarkaa olaanaarra ga’uusaaniitiif gumaacha akka qabu dubbataniiru.

Abbaan Maandeellaa nama walqixxummaa namootaarratti ejjennoo cimaa qabu akka ture ilmisaanii Maandeellaan ragaa ba’aniiru. Abbaansaanii ijoollummaatti du’uunsaa gola jireenyaa hubachuu isaan dandeessiseera.

Maandeellaan ijoollummaadhumaa jalqabee gosa-saanii keessatti hooggansaaf nama kaadhimamaa turanidha. Toora guddinaa gosa isaanii keessatti wanti hundaa ol barbaachisu obsaa fi onnachuudha. Maandeellaan bara ijoollumaasaanii keessa wantoota hin irraanfanne keessaa kitaabasaanii keessatti waan barreessan tokkon isiniif qooda. Hawaasa Afrikaa hedduu biratti dhaqna qabaan beekamaadha. Maandeellaanis yaadannoo ijoollumaasaanii keessaa tokko dhaqna qabaadha. Yadannoosaaniis akka kanatti himu:

“Yeroo umuriin koo 16 turetti, namni dhaqna nama qabuufi akka aadaa keenyaatti ingiciicii jechuun beekamu eeboo waraanaaf oolu ‘’assegayi” jedhamu qabatee dhufe. Ijoolleen dhiiraa kanneen biro gaabii maratanii miillasaanii diriirsanii taa’u. Akka aadaa Xohaatti, yeroo dhaqna qabatan sagalee guddaadhaan “Diyiindoolaa” jedhu. Hiiknisaas “Ani dhiira” jechuudha. Anis yeroo eeboo qara sana qaama koorra buusan, maal akkan ta’u beekuufan rakkadhe. Yeroo kana seesuun ykn boo’uun hawaasa keenya keessatti mallattoo dadhabinaati. Anis ofis ta’e garee koo qaanessuu akkan hin qabnen murteesse. Namni yeroo kana dhukkubbiisaa ciniinnatee obse darbe maqaansaa gootummaan akka waamamu waanan beekuuf hafuura sodaa koo ukkaamsee darbuuf of qopheesse.

Maanguddoon tokko na fuuldura jilbeeffatanii qaama koo fuulduratti harkisanii rukuttaa tokkoon ayyaana narraa kaasan. Dhukkubbiinsaa akka waan abiddi qaama kootti qabateetti natti dhaga’ame. Sekoondii muraasaan booda miira boo’ichaaf qophaa’e keessaa damdamadheen “Diyiindoolaa” jedhe. Akka warri kaan narratti hin barre miira dhukkubbii cimaa obsee gadi jedhee yoon qaama koo ilaalu haaluma gaariitiin qirixame. Maandeellaan erga gaafa sanaatii dhukkubbii jireenyasaanii keessatti isaan mudatu obsanii jiraachuu itti baran. Maandeellaan barumsa sadarkaa 1ffaa iddoo maqaansaanii itti jijjiirame M/B Metoodistiitti erga hordofuu jalqabanii kaasee barumsa isaaniitiin cimaa deemuun ALA bara 1939 Yunivarsiitii “Fort Hare” seenan. Yunivarsiitii sana keessatti miiltoo qabsoo ANC Ooliiver Taamboo waliin wal baran. Ooliiver

Maadiibaa - Abbaa GaarummaaGoota... ijoollummaadhumaa jalqabee gosa isaanii keessatti hooggansaaf kaadhimamaa ture.

Neelsan Maandeellaa

Page 19: Seensa - oromiatimes.files.wordpress.com · 7 Hunduu yeroo qaba–Wanti yeroon alaa nama ciiggaasisa. 8 Maal faayidaan barnootaa–Beekumsi eenyuuf akka ta’e. ... hiriyyoonni yeroo

Siifsiin Jildii 3 19

BEEKUMSA WALII GALAA

Taamboo waliin sochii qabsoo bal’inaan otoo hin jalqabin dura Afrikaa Kibbaa keessatti hojii seeraa warra gurraachaan hojjetamu isa jalqabaa eegalanii ture. Haa ta’u malee, lamaansaaniiyyuu sosochii siyaasaa gochaa jirtu jedhamuun bara 1940 Yunivarsiitichaa ari’ataman. Maandeellaan mana barumsaa sadarkaa 2ffaa xumuranii erga Yuniivarsiitii seenanii , waggaa jalqabaa barnoota Afaan Ingilizii, Antiroopooloojii, siyaasaa fi seera barachuun qabxiin argatan hojjetaa mootummaa yeros lammiileen Afrikaa Kibbaa warri gurraachi hawwan ta’uuf kan karra isaaniif banuu danda’u ture. Yeroo Yunivarsiitii turan Ispoortii buunyaa fi Atileetiksii ni jaallatu.

Haa ta’u malee, hawwiinsaanii kun ALA bara 1940, yeroo waggaa 2ffaa baratan miseensa koree mana maree barattootaa keessaa fincila kaaste jedhamanii ari’ataman. Yeroo gara gandasaaniitti deebi’an, durba fuudhan dubbataniifii eegan. Maandeellaan durba isaaniif dubbatamte fuuchuu dhiisanii gara Johaannisbarg deeman.

Achittis hojii adda addaa hojjechuu eegalan. Haadha manaasaanii ishee jalqabaa Eveliin Maaseen waliin kan walbaranis tibba sanaadha. ALA bara 1944 wal-fuudhanii dhiira lamaa fi durba lama godhataniiru. Maandeellaan sochiin isaan paartii Kongirasii Biyyaalessaa Afriikaa (ANC) garee dargaggootaa keessatti qaban cimaa dhufnaan haati warraasaanii “Anaa fi ANC keessaa tokko filadhu” jechuun wal-dhabdee keessa seenanii wal-hiikan. Maandeellaan barumsasaanii seeraa xumuruu baatanis hiriyyaasaanii Oliiver Taamboo waliin hojii seeraa hojjechuu eegalan. Dhaabbanni seeraa Maandeellaa fi Oliiver Taamboo hundeessan kun Afriikaa Kibbaa keessatti dhaabbata seeraa warra gurraachaatiin dhaabbate isa jalqabaati.Tajaajilli isaan kennanis yeroos haalaan barbaadama.

Isaan lamaan wayita tajaajila seeraa uummataaf kennaa, kaayyoo siyaasaasaanii karaa seera qabeessaan galmaan ga’uuf tattaafachaa turan sanatti, wanti isaan mudachaa ture kallattii biraa akka yaadan isaan dirqamsiise. Sirni Appaartaayidii ajjeechaa namoota nagaa itti fufuun rakkoo gurraachotarra ga’u karaa nagaa furuuf kutannoo akka hin qabne mirkaneessaa deemuunsaa ANCn qabsoo hidhannootti seenuu akka qabu isaaniif gale. Bara 1956 Maandeellaan mootummaa biyyattii amanamummaa dhoowwachuun yakkamanii

hidhaman. Waggoota shaniin booda bilisaan gadhiifamanis paartiisaanii ANC akka sochii hin taasifnee seeraan dhorkame, jaalleensaanii Ooliver Taambooniis biyyaa ba’e. Haadha manaasaanii lammataa Wiinii Madikizeelaa waliin bultii kan hundeessanis tibba sana ture.

Baroota 1950 fi jalqaba 1960 keessa, fincilli farra-appaartaayidii Afrikaa Kibbaa keessatti babal’achuu eegale. Mootummaan Appaartaayidii finciltoota bittinsuuf humni inni fayyadamu hammuma cimaa deeme, qabsaa’onni akka Maandeellaa qabsoon hidhannoo akka furmaata tokkootti ilaaluun barbaachisaa ta’uu amanuun sochii eegalan. Haaluma kanaan Paartiin Koongirasii Biyyaalessaa (ANC) qabsoo hidhannoo jalqabuun Appaartaayidii dura dhaabbachuu itti fufe. Neelsan Maandeellaan sirni Appaartaayidii karaa nagaan rakkoo furuu akka hin feene yeroo kamiyyuu caalaa hubachuun qabsoo hidhannootiif humna cimsachuuf dhoksaadhaan biyyoota Afrikaatti himalan. Biyyoota Afriikaa kan akka Itoophiyaa, Taanzaaniyaa, Aljeeriyaa, Gaanaa, Morookoo, Seeraaliyoon, Laayibeeriyaa, Maalii fi Ejiptiin daawwachuuf dhoksaa biyyaa ba’an. Landaniinis guyyoota 10f turaniiru.

Keessumaa turtiisaanii Itoophiyaa haala addaatiin Maandeellaan yaadatu. Sababnisaas Itoophiyaan biyyota Afriikaa gita bittaa Awurooppaanotaa jalatti kan hin kufnee fi gurraachotaaf madda ofitti-amanamummaa waan taateefi. Akka isaan jedhanitti, biyyoota daawwatan keessaa kan akka Itoophiyaa qalbiisaanii booji’e hin jiru. Biyya gurraachonni bilisummaan keessa jiraatan arguun madda ulfinaa isaaniif ta’uu barreessaniiru.

Hariiroo gootni kun gootota Oromoo faana qabaachaa turan ammoo barruu isa itti aanutti qabannee dhiyaanna.

Seenaa gootota guddina biyya keenyaaf of wareeganii ibsuun dirqama keenya!

Siifsiin Jildii 3

Natsaannat HayiluuGaazexeessaa DhRTVO

Page 20: Seensa - oromiatimes.files.wordpress.com · 7 Hunduu yeroo qaba–Wanti yeroon alaa nama ciiggaasisa. 8 Maal faayidaan barnootaa–Beekumsi eenyuuf akka ta’e. ... hiriyyoonni yeroo

BEEKUMSA WALII GALAA

H orsiisee Bulaaf horiin isaanii qabeennaa isaaniiti. Jiruu fi jireenni Horsiisee Bu-laa horii isaanii irratti waan hundaa’uuf,

horiin isaanii kun bu’ura jiruu fi jireenna isaani-iti, jechuun ni danda’ama. Karaa biraatiin horiin isaanii kan isaan jiruu fi jireenyaaf irratti hirkatan kun immoo jireenni isaanii nyaata isaanii (marraa fi bishaan) irratti kan hundaa’u yoo ta’u, nyaannii-horittiis uumamaa fi jijjiirama haala qilleensaatiin waan murtaa’uuf, Horsiisee Bulaa haalli bonaa ykn hongee hedduu isaan yaachisa jechuudha. kana yoo jennu dhugaa jirtu tuquun dirqama ta’a, dhugichis aannan horii qabiyyee dhangaa hedduu kan of keessatti qabateefi, keessumattuu kan pirootiinii qulqulluudhaan badhaadhe ta’uun isaa eessattuu beekamaadha. Kanaatiifi horiin teenna immoo nyaata ga’aa hin argatan yoo ta’e ni hubamu, aan-nan ga’aatti argachuunis hin danda’amu, tunis hori-iwwan teenna callaa osoo hin taanee, daa’imman teennattis miidhaa guddaa fida jechuudha.

Kanaafuu, yeroo hongeen dhufee marrii baduu horiin nyaata ga’aa akka hin dhabne yeroo gannaa kan marrii ga’aan jiru walitti qabuun tuuluu ykn mansuudhaan horii laafaa (dadhabe), horii aannaniitii fi jabbii qa’eetti hafte nyaachisuun ykn hoka’uun lubbuu isaanii hambisuu fi aannan ga’aa ta’e argachuudhaan daa’imman hanqina nyaataa irraa baraarsuu ni danda’ama.

Akka qorannoo ogeessotaatti horiif nyaata ga’aa guyyaa guyyaan kennuun, yeroo bonaa ykn hongeen bu’ee nyaatni ga’aan yoo qophaa’eef, akkasumas talaalliin barbaachisaan yeroo barbaachisutti yoo kennameefii fayyaan isaaniis sirriitti eeggame:

A. Maatiin horsiisee bulaa aannan ga’aa ta’e argachuu ni danda’a.

B. Daa’imman aannan ga’aa ta’e argatanii itti fayyadamuu ni danda’u.

C. Akkuma walii galaatti yeroo bonni ykn hongeen dhufu haalaa fi sadarkaan soorata/aannan daa’imman argatanii gahaa ta’uu ni danda’a. Kanaafuu, yoo akka ijoolleen/daa’imman keessan fayya-qabeeyyii ta’an feetan, horii keessaniif dursaatii nyaata (marraa) ga’aa ta’e qopheessaa.

Mee Kanarratti Xiyyeeffadhaa!!1. Akka ijoolleen/daa’imman keessan waqtii bonaa

ykn hongee hir’ina/hanqina nyaataatiin hin miidhamneef yeroo gannaa horii keessaniif nyaata(marraa) walitti qabaafii!

2. Daran/caalaatti waa’ee nyaata horii walitti qabuu yoo beekuu feetan ogeessota horii mariisisaa/mari’achiisaa!

3. Yeroo gannaa marraa tuuluun turfadhaa, akka yeroo bonaa ykn hongee horii keessan kan aannanii nyaachifattaniif !

Yaadachiisa: Daa’imni ji’aa 6 (ja’aa) gadii yoo rakkoo isaanii kallattiin ogeessa fayyaatiin ilaalamee gorfamerraa (ajajamerraa) kan hafe aannan muchaa/harma haadhaatiin ala nyaatni biraa (dhibiin) hin barbaachisuuf !!Tarkaanfiis har’uma fudhadhaa ilmaan keessan hanqina nyaataa irraa hambisuuf !!

Ergaan kun kan dhiyyaate dhaabbata Mersii Koorpis, Komishinii Misooma Naannoo Horsiisee Bulaa Oromiyaa fi Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa irraati.

Horii Aannanii kunuunsuun Daa’imman kunuunsuudha

20 Siifsiin Jildii 3

Deggersa Maallaqaa USAID irraa argameen dhaabbata Mersiikoorpisitiin ispoonsara kan ta’e.