waaqayyoon dhaggeeffadhu barabaraafis jiraadhu

32
Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu

Upload: niscribd

Post on 29-Nov-2015

181 views

Category:

Documents


5 download

DESCRIPTION

Afaan Oromoo

TRANSCRIPT

WaaqayyoonDhaggeeffadhu

Barabaraafis Jiraadhu

� 2011WATCH TOWER BIBLE ANDTRACT SOCIETY OF PENNSYLVANIAMirgi Abbummaa Seeraan EegamaadhaWaaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu

MaxxansitoonniWATCHTOWER BIBLE ANDTRACT SOCIETY OF NEW YORK, INC.Brooklyn, New York, U.S.A.Bara 2012tti maxxanfameBirooshurri kun kan hin gurguramneefi barreeffamootaaddunyaa maratti Macaafa Qulqulluu barsiisuufqophaa�an keessaa tokkodha. Hojiin kunis buusii qarshiinamoonni fedhiidhaan kennaniin deggerama.Ibsi garabiraan yoo kenname malee, caqasawwanbirooshura kana keessatti argaman Macaafa Qulqulluuafaan Oromoo bara 1997 maxxanfame keessaa kanfudhatamanidha. Caqasawwan tokko tokko dalga ciibseekan barreesse nuyi. Caqasichatti aansee “NW” yoojedhame, caqasichi kan fudhatame Caaffata Qulqullaa�ooHiika Addunyaa Haaraa, Isa Hiika Jechootaa qabuufi afaanIngiliffaatiin qophaa�erraa ta�uusaa argisiisa. Waggoonnibirooshura kana keessatti argaman hundi lakkoobsaAwurooppaa kan argisiisanidha. Dh.K.D. jechuun,dhaloota Kiristos dura jechuudha; Dh.K.B.jechuunimmoo, dhaloota Kiristos booda jechuudha.

Listen to God and Live ForeverOromo (ll-OA)Printed in Britain by Watch Tower Bible and TractSociety of Britain(Registered in England as a Charity)Biritaaniyaatti maxxanfame

Waaqayyoon Dhaggeeffachuu Kan DandeenyuAkkamitti? FUULA 4

Waaqni Dhugaan Eenyu? FUULA 6

Jireenyi Jannataa Maal Fakkaata Ture? FUULA 8

Seexana Dhaga�uunsaanii Rakkina Akkamii Fide?FUULA 10

Bara Bishaan Badiisaatti WaaqayyoonKan Dhaggeeffatan Eenyufa�i? Kan HinDhaggeeffannehoo? FUULA 12

Waaqayyo abbaa jaalala qabeessata�ee wajjin tokkodha.

1 Phexros 5:6, 7

Waaqayyo Uumaa keenya waanta�eef, waa�ee keenya ni yaada.Akkuma abbaan ogeessaafi jaalalaqabeessa ta�e tokko ijoolleesaabarsiisu, Waaqayyos namoonnibakka hundumaatti argamanakkamitti jireenya gaarii jiraachuuakka danda�an barsiisa.

Waaqayyo, dhugaawwan bakkaguddaa qabaniifi gammachuudhaanakka guutamnu, akkasumas abdiiakka qabaannu godhan nuu ibseera.

Waaqayyoon yoo dhaggeeffatte,si geggeessa, si eega, akkasumasrakkoowwan si mudatan akkamootu si gargaara.

Kana malees barabaraaf jiraatta!

Bishaan Badiisaa Isa GuddaarraaBarumsa Akkamii Arganna? FUULA 14

Yesus Eenyudha? FUULA 16

Duuti Yesus Faayidaa Akkamii SiifArgamsiisa? FUULA 18

Lafti Jannata Kan Taatu Yoomi?FUULA 20

Warri Yihowaa Dhaggeeffatan Eebba AkkamiiArgatu? FUULA 22

Yihowaan Nu Dhaga�aa? FUULA 24

Maatii Gammachuu Qabu FUULA 26

Waaqayyoon Gammachiisuuf Maal GochuuQabna? FUULA 28

Yihowaadhaaf Amanamaa Ta�uukee ArgisiisuuKan Dandeessu Akkamitti? FUULA 30

Waaqayyo, “Gara koo kottaa!. . . Akka jiraattaniifis dubbii koo

dhaga�aa!” nuun jedheera.Isaayaas 55:3

4

Waaqayyo Macaafa Qulqulluuttifayyadamee nutti dubbata.

2 Ximotewos 3:16

Waaqayyoon DhaggeeffachuuKan Dandeenyu Akkamitti?

Waaqni dhugaan, namoonni kitaaba addata�e tokkorratti yaadasaa akka barreessangodheera. Kitaabni kunis Macaafa Qulqulluujedhama. Macaafni kun, odeeffannooWaaqayyo namoonni akka beekan barbaaduqabateera.

Waaqayyo wanta hunda caalaanu fayyaduu danda�u kan beekuta�uusaarrayyuu, ogummaa dhugaa nuukenna. Atis Isa dhaggeeffachuudhaanogeessa ta�uu dandeessa.—Fakkeenya 1:5.

Waaqayyoo namni hundiMacaafa Qulqulluu akkadubbisu barbaada. Macaafnikun yeroo ammaatti afaanhedduudhaan argama.

Waaqayyoon dhaggeeffachuu yoobarbaadde, Macaafa Qulqulluudubbisuufi yaadasaa hubachuuqabda.

5

Namoonni bakka hundaatti argamanWaaqayyoon dhaggeeffachaa jiru.

Maatewos 28:19

Dhugaa Baatonni YihowaaMacaafa Qulqulluu akka hubattusi gargaaruu danda�u.

Addunyaa marattis waa�eeWaaqayyoo dhugaasaa barsiisu.

Barumsa kana barachuufqarshii kaffaluun si hinbarbaachisu. GalmaMootummaa DhugaaBaatota Yihowaanaannoo keetti argamudhaquudhaan waa�eeWaaqayyoo barachuudandeessa.

Dubbiin Waaqayyoo dhugaadha.—Yohannis 17:17.Waaqayyootti amanamuu kan qabnu maaliifi?—Lakkoobsa 23:19.

6Yihowaan wantoota samii keessa jiraniifi . . .

Waaqni Dhugaan Eenyu?

Waaqni dhugaa tokko qofadha;maqaansaas Yihowaa jedhama.(Faarfannaa 83:18, NW) InniHafuura waan ta�eef isa arguu hindandeenyu. Inni nu jaallata; nuyisakka isa jaallannu barbaada.Namoota kaanis akka jaallannubarbaada. (Maatewos 22:35-40)Inni Waaqa Hundumaa Danda�uufiUumaa wantoota hundaati.

Uumamawwan Waaqayyojalqaba uume keessaa innitokko qaama hafuuraahumna guddaa qabu si�a ta�u,innis yeroo booda YesusKiristos jedhameera.Yihowaan ergamootasuumeera.

7lafarra jiran hunda uumeera.

Mul�ata 4:11

Yihowaan urjiiwwan, lafaafiwantoota lafarratti argamanhunda uumeera.—Uumama 1:1.

Waaqayyo nama jalqabaakan ta�e Addaamiinbiyyoo lafaarraa tolche.—Uumama 2:7.

Yihowaadhaaf ulfina kennuu kan qabnu maaliifi?—Isaayaas 42:5.Amalawwan Waaqayyoo warri tokko tokko maalfa�i?—Ba�uu 34:6.

8

Yihowaan Addaamiifi Hewwaaniifwantoota gaggaarii hedduu kenneera.

Uumama 1:28

Jireenyi Jannataa Maal Fakkaata Ture?

Yihowaan dubartii isheejalqabaa Hewwaaniin ergauumee booda, haadhamanaasaa akka taatuufAddaamiif kenne.—Uumama 2:21, 22.

Yihowaan sammuufi qaama mudaa hinqabne akka qabaatan godhee isaanuumeera.

Dhaaba Eeden, isheemiidhagduu bakka lageen,mukeetiin ija godhataniifibineensoonni keessattiargaman keessa jiraatuturan.

Yihowaan isaanitti dubbata ture;isaan barsiisas ture. Utuu isadhaggeeffataniiru ta�ee lafa Jannatataaterra barabaraaf jiraatu turan.

9

Waaqayyo ija mukeetii keessaa isa tokko akkahin nyaanne isaan dhowwee ture.

Uumama 2:16, 17

ErgamootaWaaqayyoo keessaainni tokkoYihowaarratti ka�e.Ergamaan hamaa ta�ekun Seexana yknDiiyaabilos jedhama.

Yihowaan ija mukaatokko AddaamiifiHewwaanittiargisiisuudhaan, yooija mukaa kananyaatan akka du�anisaanitti hime.

Seexanni, Addaamiifi HewwaanYihowaadhaaf akka ajajaman hinbarbaadu ture. Kanaaf, bofattifayyadamee ija mukaa sanarraa yoonyaatte akka hin duuneefi akkaWaaqayyoo akka taatu Hewwaanittihime. Wanti inni dubbate kun garuusoba ture.—Uumama 3:1-5.

10

Addaamiifi Hewwaan Waaqayyoofwaan hin abboomamneef du�aniiru.

Uumama 3:6, 23

Seexana Dhaga�uunsaaniiRakkina Akkamii Fide?

Hewwaan wantabofni jedhe dhageessee ijamukaa sanarraa nyaatte.Addaamiifis kan kennite si�ata�u, innis ni nyaate.

Wanti isaan raawwatan kundogoggora, jechuunis cubbuuture. Kanaaf Waaqayyo Jannatakeessaa isaan ari�e.

Sana booda isaaniifis ta�eijoolleesaaniitiif jireenyi ulfaataa ta�e.Boodas dulloomanii du�an. Yeroo du�anjireenyaa ala ta�ani malee, garaaddunyaa hafuuraa hin dhaqne.

11Namoonni du�an biyyoo ta�u.

Uumama 3:19

Hundi keenya sanyii Addaamiifi Hewwaan waantaaneef ni duuna. Namoonni du�an ilaaluu ykn dhaga�uuykn waa gochuu hin danda�an.—Lallaba 9:5, 10.

Yihowaan namoonni akkadu�an hin barbaadu. Kanaaf,yeroo dhihootti namootadu�an du�aa ni kaasa.Namoonni kun yoo isadhaggeeffatan barabaraafjiraatu. Kan duunu maaliifi?—Roomaa 5:12.

Duuti ni bada.—1 Qorontos 15:26.

12

Namoonni bara Nohi hedduunwaan gadhee hojjetu turan.

Uumama 6:5

Bara Bishaan Badiisaatti Waaqayyoon KanDhaggeeffatan Eenyufa�i? Kan Hin Dhaggeeffannehoo?

Addaamiifi Hewwaan ijoolleegodhatan; namoonnis lafarratti nibaay�atan. Yeroo boodas,ergamoonni Waaqayyoo tokkotokko Seexana isa Yihowaarratti ka�eduukaa bu�an.

Isaan intaloota ilmaan namootaa fuudhuufgara lafaa dhufanii foon uffatan.Dubartoonni kun, ijoollee dhiiraa namootakaanirra humna guddaa qabaniifi hamootata�an godhatan.

Kanaan kan ka�es, biyyi lafaanamoota wantoota hamaaraawwataniin guutamteeturte. Macaafni Qulqulluun,‘Jal�inni namaa lafarrattiakka baay�ateefi wantinamni guyyaa hundumaagaraasaatti yaadeeqopheessu hundinuus jal�aaduwwaa akka ta�e’ ibsa.

13

Nohi Waaqayyoondhaggeeffachuudhaan markaba hojjeteera.

Uumama 6:13, 14, 18, 19, 22

Nohi garuu nama gaariiture. Yihowaan namootahamoo sana bishaanbadiisaa guddaadhaanakka balleessuuf jedhuNohitti hime.

Kana malees, Waaqayyo bidiruuguddaa markaba jedhamu hojjeteemaatiisaafi bineensota hundumaaakka itti galchu Nohitti hime.

Nohi Bishaan Badiisaa akka dhufu namootaakeekkachiisus, utuu isa hin dhaggeeffatin hafaniiru.Namoonni tokko tokko isatti kolfu turan; kaanimmooisa jibbu turan.

Nohi markaba sana ijaaree ergaxumuree booda, bineensota itti galche.

14

Waaqayyo namoota hamoo balleessee,Nohiifi maatiisaa oolcheera.

Uumama 7:11, 12, 23

Bishaan Badiisaa Isa GuddaarraaBarumsa Akkamii Arganna?

Guyyaa 40fi halkan 40fbokkaa cimaan waanroobeef guutummaan lafaabishaaniin uwwifame.Namoonni hamoon hundini balleeffaman.

Ergamoonni Waaqayyorratti ka�an garuuqaama foonii uffatanii turan dhiisaniihafuurota xuraa�oo ta�an.

Yeroo kanatti namoota markaba keessaturan qofatu oole. Nohiifi maatiinsaa yeroobooda kan du�an ta�us, gara fuulduraattibarabaraaf akka jiraataniif Waaqayyodu�aa isaan kaasa.

15

Gara fuulduraattis Waaqayyo namootahamoo balleessee, namoota gaarii ni oolcha.

Maatewos 24:37-39

Seexanniifi hafuuronnihamoon namootagowwoomsuusaaniiitti fufaniiru.

Yeroo ammaattisakkuma bara Nohi,namoonni hedduunqajeelfama Yihowaanjaalalaan kaka�ee kennufudhachuu hinbarbaadan. Yeroodhihootti Yihowaannamoota hamoo ta�anhunda ni balleessa.—2 Phexros 2:5, 6.

Namoonni akkuma NohiWaaqayyoon dhaggeeffataniifiwanta inni jedhe raawwatanmuraasni jiru; isaanis DhugaaBaatota Yihowaati.

Karaa gara jireenyaatti geessu filadhu.—Maatewos 7:13, 14.Hamoonni ni balleeffamu;garraamonni garuu nagaadhaanjiraatu.—Faarfannaa 37:10, 11.

16Yihowaan Yesusiin gara lafaatti ergeera.

1 Yohannis 4:9

Yesus Eenyudha?

Yihowaa gammachiisuu yoobarbaanne, qaamni bakka guddaaqabuufi dhaggeeffachuuqabnu kan biraanis akka jiruhubachuun nu barbaachisa.Yihowaan Addaamiin utuu hinuumin yeroo dheeraa dura, qaamahafuuraa humna guddaaqabu uumeera.

Yeroo booda, Yihowaanqaamni kun durbaMaariyaam jedhamtuufimandara Betlihemjiraatturraa akka dhalatugodheera. Maqaanmucichaas Yesus jedhama.—Yohannis 6:38.

Yesus yeroo nama ta�ee lafarra jiraate amalawwanWaaqayyoo akka gaariitti argisiiseera. Garraamii,jaalala kan qabuufi salphaatti kan namattidhihaatu ture. Sodaa tokko malee waa�eeYihowaa dhugaasaa namoota barsiiseera.

17Yesus waan gaarii kan raawwate ta�us jibbameera.

1 Phexros 2:21-24

Barumsa sobaa isaanbarsiisaniifi karaasaanii isahamaa waan saaxileef,geggeessittoonni amantiiYesusiin jibbaniiru.

Yesus namoota dhukkubsatanfayyiseera; warra du�anis du�aa kaaseera.

Geggeessittoonni amantii, warri RoomaaYesusiin akka reebaniifi akka isa ajjeesanisaan amansiisaniiru.

Waa�ee Yesus beekuun barbaachisaa kan ta�emaaliifi?—Yohannis 17:3.Yesus gara lafaa dhufuusaa dura samiirratti maalraawwateera?—Qolosaayis 1:15-17.

18Yesus jireenya akka argannuuf nuu du�eera.

Yohannis 3:16

Duuti Yesus FaayidaaAkkamii Siif Argamsiisa?

Yesus du�ee guyyaa sadii booda,dubartoonni tokko tokko bakka inniitti awwaalame yeroo dhaqan boollakeessaa isa dhaban. Yihowaan Yesusiindu�aa kaasee ture.

Yesus yeroo boodaergamootasaatti mul�ateera.

Eeyyee, Yihowaan qaama hafuuraahumna guddaa qabuufi barabaraaf hinduune godhee du�aa isa kaaseera.Ergamoonni Yesus, yeroo inni garasamiitti ol ba�u isa arganiiru.

“Beenyaan” cubbuu maalidha?—Roomaa 6:23.Yesus jireenya barabaraatiif karaabaneera.—Roomaa 5:21.

19

Waaqayyo Yesusiin du�aa kaasee,Mootii Mootummaa Waaqayyoo isa godheera.

Daani�el 7:13, 14

Yesus ilmaan namootaatiiflubbuusaa furii godhee kenneera.(Maatewos 20:28) Waaqayyofurii kanarratti hundaa�ee jireenyabarabaraa nuu kenna.

Yihowaan, Yesus lafa kana akka bulchu Mootiigodhee isa muudeera. Namoonni amanamoon144,000 ta�an du�aa ka�anii samiirratti isaawajjin bulchu. Yesusiifi namoonni 144,000 ta�an,Mootummaa Waaqayyoo, jechuunis bulchiinsasamii isa qajeelaa ta�e hundeessu.—Mul�ata 14:1-3.

MootummaanWaaqayyoo lafa kanajannata godha. Waraanni,hammeenyi, hiyyummaaniifibeelli hin jiraatu. Namoonnigammachuu dhugaaargatanii jiraatu.—Faarfannaa 145:16.

Mootummaan Waaqayyooeebbawwan akkamii fida?—Faarfanna 72.Mootummaan Waaqayyoo akkadhufu kadhachuu qabna.—Maatewos 6:10.

20

Rakkinni lafarraa, Mootummaan Waaqayyoodhihootti tarkaanfii akka fudhatu argisiisa.

Luqaas 21:10, 11; 2 Ximotewos 3:1-5

Lafti Jannata KanTaatu Yoomi?

Raajiiwwan Macaafa Qulqulluukeessatti ibsaman hedduun yerooammaatti raawwatamaa jiru.Namoonni horii kan jaallatan,warrasaaniitiif kan hinabboomamne, warra namatti hinmadaqneefi warra waan isaangammachiisu jaallatan ta�u.

Socho�i lafaa gurguddaan,waraanni, beelliifi dha�ichini ta�a. Wantoonni kunyeroo ammaattiraawwatamaa jiru.

Yesus, misraachoonMootummichaaguutummaa biyyalafaarratti akkalallabamus dubbateera.—Maatewos 24:14.

21Mootummichi, hammeenya hunda ni balleessa.

2 Phexros 3:13

Yihowaan yeroodhihootti namootahamoo ta�an hunda niballeessa.

Seexanniifihafuuronnihamoon niadabamu.

Namoonni Waaqayyoondhaggeeffatan,badiisarraa oolaniiaddunyaa haaraaqajeelummaan keessabuufate keessa jiraatu;addunyaa sana keessasodaan hin jiraatu;kanaa mannaa namootawal amananiifi waljaallataniin kanguutame ta�a.

Wantoonni Yesus bara keenyattiakka raawwataman dubbate maalfa�i?—Maatewos 24:3-14.Namoonni hamoon ni balleeffamu.—2 Phexros 3:7.

Namoota du�an keessaa garricaalaan du�aa ka�anii lafarra jiraatu.

Hojii Ergamootaa 24:15

Warri Yihowaa DhaggeeffatanEebba Akkamii Argatu?

Yihowaa kan dhaggeeffattuyoo ta�e eebba akkamii akkaargattu mee yaadi! Achikeessatti namni dhukkubsatuufihir�ina qaamaa qabu waan hinjirreef, fayyaa guutuu qabaatta.Namoonni hamoon waan hinjiraanneef, namoota hundumaaamanuu dandeessa.

Dhukkubni, gaddi yknboo�ichi hin jiraatu. Namnidulloomuufi du�us hin jiru.

22

Mootummaan Waaqayyoodhiphina hunda ni balleessa.

Mul�ata 21:3, 4

Michootakeefi miseensota maatiikee gidduu jiraatta.Jannata keessa jiraachuun baay�ee nama gammachiisa.

Wanti nama sodaachisuhin jiraatu. Namoonnigammachuu dhugaaargatu.

23

Waaqayyo kadhannaa keenya ni dhaga�a.1 Phexros 3:12

Yihowaan Nu Dhaga�aa?

Yihowaan ‘kadhata namaa nidhaga�a.’ (Faarfannaa 65:2)Garaadhaa akka isatti dubbannubarbaada.

Yihowaatti malee,eenyuttiyyuu kadhannaa hindhiheessin.

Yesus akkamitti kadhachuuakka qabnu nu barsiiseera.—Maatewos 6:9-15.Waaqayyo eenyuunfaa dhaga�a?—Faarfannaa 145:18, 19.

24

25Waa�ee wantoota hedduu kadhachuu dandeenya.

1 Yohannis 5:14

Fedhiin Waaqayyoosamiirrattis ta�e lafarrattiakka raawwatamukadhadhu.

Yihowaan wanta gaariigochuuf akka si gargaarugaafadhu. Waa�ee nyaataa,waa�ee hojii, waa�ee manaa,waa�ee uffataafi waa�eefayyaakee kadhachuus nidandeessa. Wanta inni sii godhe

akka dinqisiifattuargisiisuuf, maqaaYesusiin kadhadhu.

Yihowaan kadhannaa namoonniwanta sirrii ta�e raawwatandhiheessan ni dhaga�a.—Fakkeenya 15:29.Hin dhiphatin.—Filiphisiiyus 4:6, 7.

Jaalalli maatiin gammachuu akka qabaatu godha.Efesoon 5:33

Maatii Gammachuu Qabu

Waaqayyo gaa�elli dhiira tokkoofidubartii tokko qofa gidduutti akkaraawwatamu seera kenneera.

Abbaan manaa jaalala qabeessata�e, gaarummaafi hubannaadhaanhaadha manaasaa wajjin jiraata.

Haati manaas abbaamanaashee deggeruu qabdi.

Ijoolleen warrasaaniitiifabboomamuu qabu.

26

Garraamiifi amanamaa ta�i malee,hamaafi gantuu hin ta�in.

Qolosaayis 3:5, 8-10

Dubbiin Waaqayyoo, abbaanmanaa akka dhagna ofiisaattihaadha manaasaa jaallachuu akkaqabu, haati manaas abbaamanaasheetiif ulfina guddaakennuu akka qabdu dubbata.

Saalqunnamtiin gaa�elaan alattiraawwatamu dogoggoradha.Hiriyaa gaa�elaa tokkoo olqabaachuunis dogoggora.

Dubbiin Yihowaa,maatiiwwan akkamittigammachuu argachuuakka danda�an barsiisa.

Amala qulqulluu qabaachuudhaanjiraadhu.—1 Qorontos 6:18.Ijoolleekee jaalladhu, barsiisi;akkasumas eegumsa isaaniif godhi.—Keessa Deebii 6:4-9.

27

Wanta gadhee raawwachuurraa fagaadhu.1 Qorontos 6:9, 10

Waaqayyoon GammachiisuufMaal Gochuu Qabna?

Yihowaa kan jaallannu yoota�e wantoota inni jibbu hinraawwannu.

Yihowaan akka hannu, akka machoofnuufiqoricha sammuu namaa hadoochu akkafudhannu hin barbaadu.

Waaqayyo namaajjeesuu, ulfa baasuufigadhaa�ummaa nibalaaleffata. Akkasassatnuufi namootakaanii wajjin akkawal lollus hinbarbaadu.

Waaqayyolii tolfamoowaaqeffachuu ykngochawwan hafuura xuraa�ooraawwachuu hin qabnu.

Namoonni wantahamaa hojjetan lafaJannata taatu keessahin jiraatan.

Waaqayyo ayyaana heduudhaafilaalcha akkamii qaba?—Keessa Deebii 18:10-12.Waaqayyolii tolfamoo waaqeffachuukan hin qabne maaliifi?—Isaayaas 44:15-20.

28

29Wanta gaarii ta�e raawwadhu.

Maatewos 7:12

Waaqayyoon gammachiisuuyoo barbaanne, fakkeenyasaahordofuuf carraaquu qabna.

Gaarummaa argisiisuufi arjaata�uudhaan namoota akkajaallattu argisiisi.

Amanamaa ta�i.

Waa�ee Yihowaafi waa�eekaraawwansaa namootatti himi.—Isaayaas 43:10.

Oo�a qabeessaafi dhiifamakan gootu ta�i.

Fakkeenya Yihowaa hordofi.—1 Phexros 1:14-16.Jaalala qabaadhu.—1 Yohannis 4:7, 8, 11.

30Waaqayyo cinaa dhaabadhu.

1 Phexros 5:6-9

Yihowaadhaaf Amanamaa Ta�uukeeArgisiisuu Kan Dandeessu Akkamitti?

Duudhaawwan MacaafaQulqulluu wajjin wal faallessankamirrattiyyuu hirmaachuurraaof qusadhu. Kana gochuunija jabina gaafata.

Dhimmawwansiyaasaa keessa hinseenin; isaan Yihowaasta�e Mootummaasaahin deggeran.

Yihowaan namoota isaafamanamoo ta�an ni eega.—Faarfannaa 97:10.

31Waaqayyoon dhaggeeffachuudhaan filannoo sirrii godhi.

Maatewos 7:24, 25

Dhugaa Baatota Yihowaa wajjinwalga�iirratti argami; isaanisWaaqayyootti akka dhihaattu si gargaaru.

Waa�ee Waaqayyoobarachuukee itti fufi;abboommiiwwansaatiifajajamuufis carraaqqii godhi.

Amantiinkee yeroojabaatu, Yihowaadhaafof murteessuudhaancuuphamuu qabda.—Maatewos 28:19.

Waaqayyoondhaggeeffadhu. MacaafaQulqulluu dubbisi; hubannaadabalataa argachuufisDhugaa Baatonni Yihowaaakka si gargaaran gaafadhu.Achiis, wanta baratte hojiirraoolchi. Akkas yoo goote,barabaraaf jiraatta.—Faarfannaa 37:29.

Yaada garaa geddarachuudhaan,Waaqayyoo dhiifama akka siif godhugaafadhu.—Hojii Ergamootaa 3:19.Karaa jireenyatti geessurra adeemi.—Maatewos 7:13, 14.

ll-OA

www.jw.org