waltajjii araaraa fi tokkummaa oromoo - opride.com

3
Waldaan Artistoota Oromoo Waldaan Manguddota Oromoo Min- nesota; jarmayaalee hawaasa kan akka Waldaa Qorannoo Oromoo (OSA), Waldaa Dargagoota Oromiyaa (OYA), Waldaa Dargagoota Oromoo Idlee Addunyaa (IOYA), Waldaa Musili- moota Oromoo, Waldaa Kirstiyaana Oromoo, Waldaa Waqeefata Oromoo Gumii Lammiwaan Oromoo Ama- rikaa (OACC) wajjin walta`uun wal- gahii ummata Adoolessa (July) 16, 2011 gaggeeffatee jira. Walgahiin kun Mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti nagaa fi araara buusuu fi akkasumas ABO tok- koomsuuf deemsa araaraa maangud- doota Oromoon deemaa ture tumsuuf itti fufiinsa qophee waldaan Artistoota Oromooti. Walgahii kana irrattis, bakka bu’oonni Bu’uressitootaa fi Miseensota Buleyyii ABO jaarsumaa kana gaggeessaa turan keessaa obbo Leencoo Lataa fi obbo Waltajjii Araaraa fi Tokkummaa Oromoo Jaarmayoota Hawaasaa Oromoon, Waxabajjii 16 bara 2011 Minneapolis Minnesota keessatti gaggeeffame Ahimed Huseen, akkasumas bakka bu’oonni jaarmayoota hawaasa Oro- moo maqaan isaanii olitti tarreeffamee jiruu barbaachisummaa araaraa fi nagaa mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo kana irratti haasaa taasisan. Walgahiin kun eebba maanguddoon kan jalqabe yoo ta’u itti fufuunis, dura ta’aan koree qindeessituu walgahii kanaa obbo Xilahun…haasaa simannaa gabaabaa taasise. Walgahiin kun eebba maangud- doon kan jalqabe yoo ta’u itti fufuunis, dura ta’aan koree qindeessituu walgahii kanaa obbo Taayyee Doorii haasaa si- mannaa gabaabaa taasise. Dur’a ta’aan Waldaa Artistoota Oromoo duraanii obbo Amiin Jundiis, araarri maanguddoota Oromoon gaggeeffamaa ture bakka akka ga’uuf tumsa waldaan ar- tistoota Oromoo hanga ammaatti gochaa ture bal’inaan ibse. Itti fufuunis walgahii boordii fi miseensotaa Adoolessa 15 bara 2011 waldaan Artistoota Oromoo gag- geeffateen obbo Daraaraa Maatii dura ta’aa waldichaa ta’ee filamuu isaa ibsuun, wag- goota shaman darbaniif dura ta’ummaa waldaa kanaa qabatee ture irraa bu’uu isaa ibse.

Upload: others

Post on 02-Oct-2021

50 views

Category:

Documents


3 download

TRANSCRIPT

Page 1: Waltajjii Araaraa fi Tokkummaa Oromoo - OPride.com

Waldaan Artistoota Oromoo fi Waldaan Manguddota Oromoo Min-nesota; jarmayaalee hawaasa kan akka Waldaa Qorannoo Oromoo (OSA), Waldaa Dargagoota Oromiyaa (OYA), Waldaa Dargagoota Oromoo Idlee Addunyaa (IOYA), Waldaa Musili-moota Oromoo, Waldaa Kirstiyaana Oromoo, Waldaa Waqeefata Oromoo fi Gumii Lammiwaan Oromoo Ama-rikaa (OACC) wajjin walta`uun wal-gahii ummata Adoolessa (July) 16, 2011 gaggeeffatee jira.Walgahiin kun Mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti nagaa fi araara buusuu fi akkasumas ABO tok-koomsuuf deemsa araaraa maangud-doota Oromoon deemaa ture tumsuuf itti fufiinsa qophee waldaan Artistoota Oromooti.

Walgahii kana irrattis, bakka bu’oonni Bu’uressitootaa fi Miseensota Buleyyii ABO jaarsumaa kana gaggeessaa turan keessaa obbo Leencoo Lataa fi obbo

Waltajjii Araaraa fi Tokkummaa Oromoo Jaarmayoota Hawaasaa Oromoon, Waxabajjii 16 bara 2011

Minneapolis Minnesota keessatti gaggeeffame

Ahimed Huseen, akkasumas bakka bu’oonni jaarmayoota hawaasa Oro-moo maqaan isaanii olitti tarreeffamee jiruu barbaachisummaa araaraa fi nagaa mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo kana irratti haasaa taasisan. Walgahiin kun eebba maanguddoon kan jalqabe yoo ta’u itti fufuunis, dura ta’aan koree qindeessituu walgahii kanaa obbo Xilahun…haasaa simannaa gabaabaa taasise. Walgahiin kun eebba maangud-doon kan jalqabe yoo ta’u itti fufuunis, dura ta’aan koree qindeessituu walgahii kanaa obbo Taayyee Doorii haasaa si-mannaa gabaabaa taasise.

Dur’a ta’aan Waldaa Artistoota Oromoo duraanii obbo Amiin Jundiis, araarri maanguddoota Oromoon gaggeeffamaa ture bakka akka ga’uuf tumsa waldaan ar-tistoota Oromoo hanga ammaatti gochaa ture bal’inaan ibse. Itti fufuunis walgahii boordii fi miseensotaa Adoolessa 15 bara 2011 waldaan Artistoota Oromoo gag-geeffateen obbo Daraaraa Maatii

dura ta’aa waldichaa ta’ee filamuu isaa ibsuun, wag-goota shaman darbaniif dura ta’ummaa waldaa kanaa qabatee ture irraa bu’uu isaa ibse.

Page 2: Waltajjii Araaraa fi Tokkummaa Oromoo - OPride.com

Obbo Daraaraa Maatiis; waggoota shaman darbaniif, keessumaa wagoota muraa-sa rakkisoo ta’an kana keessatti dura ta’aa waldaa kanaa ta’uun hojii boonsaa obbo Amin raawwateef, maqaa waldaa kanaa fi ummata walgahicharra jiraniin galata guddaa galcheef. Itti fufuunis waldaan Artistoota Oromoo aadaa, og barruu fi af-aan Oromoo guddisuu keessatti gahee qabu cinaatti, mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti nagaa fi araara buusuuf, akkasumas ABO tokkoomsuuf yaaliin araaraa ta’aa jiru hanga fiixa ga’utti ykn xumura argatutti kan biraa hin deebine ta’uu keenya irra deebinee waadaa keenya haaromsana jechuun ijjennoo WAO ibse. Obbo Ahimed Hussen: ABO keessatti dhibdeelee yeroo adda addaatti uuma-man akka aadaa Oromoottis ta’e, sirna dhaabichaan furuu hanqachuun dhaabni kun yeroo gara yerootti amantaa inni ummata oromoo biraa qabu hir’achaa deemuu, yeroo gara yerootti hoggan-tootni fi miseensonni dhaaba kanaa adda addaa ba’uun diina dhiisanii walii isaanii dura dhaabbachuun isaanii amma yeroo kamirrayyuu yaaddessaa ta’uu isaa ibsan.

Bara 2008tis rakkoon ABO keessatti uumame sun sadarkaa kanarra akka hin geenyeef yaaliin adda addaa ta’ellee, akka hin milkoofnee fi ammas deemsi araaraa waggaa lama guutuu Koree yeroo fi Shanee Gumii ABO gidduutti gaggeeffamaa ture sun akka yaadametti xumurarra ga’aa akka hin jirre ibsan. Itti fufuunis walii galteen mallatteeffame sun xumurarra akka ga’uuf ummanni Oromoo martii dhiibbaa barbaachisaa dhabota kanarra akka ka’an jabeessanii dhaammatan.

Obbo Leencoo Lataas, Mata duree araaraa fi egeree qabsoo bilisum-maa oromoo jedhu jalatti haasaa bal’aa taasisan. Haasaa isaanii kees-satti qabsoon bilisummaa Oromoo yeroo hunda haala wal xaxaa fi ijibaachisaa ta’e keessatti akka gaggeeffamee turee fi irra caalaa ammo qab-soo kana kan jabaa fi abdii kutachiisaa gochaa deeme, qabsa’onni bilisummaa Oromoo rakkoo keessa isaanii hubatanii xumura-chuu dadhabuu fi deemsa isaanii yeroo waliin sir-reeffatanii tarkaanfachuu hanqachuu ta’uu isaa akka armaan gadiitti ibsan….www.

Bakka bu’oonni ABO lamaan; Obbo Tumsaa Hamzaa fi Qaasim Abbaa Nashaas Araarri kun akka yaadametti sababa xumuramuu hanqateef ibsan. Qaamni lachuus araarri kun gufachuu isaaf sababa wali godhanii wal himatan.

Page 3: Waltajjii Araaraa fi Tokkummaa Oromoo - OPride.com

Bakka bu’oonni Jaarmayoota Hawaasa Oromoos wal duraa duubaan haasaa taasisan keessatti ABOn rakkoo ummanni Oromoo biyya keessaa itti jiru dagachuun, Imaanaa guddaa irra jiru dagachuun, rakkoo xixxiqquu gidduu isaa jiru xumuratee fuula isaa diinatti galagalfachuu dadhabuun isaa kan nama qaanessuu fi salfachiisuu dha jedhan. Keessumaa ABOn Obbo Dawud Ibsaa fi J.Kamaal Galchun hogganamu rakkoo keenya xumurannee araar-amneerra jedhee erga labseen booda har’a deebi’anii waltajjiidhuma irratti gammachuu labsan irratti waldura dhaabbachaa jiraachuun kan nama gaddi-siisuu dha jedhan. Itti fufuunis ammas araarri kun bakka dhaabbaterraa fuula duratti akka fufuuf dhaamsa isaanii bakka bu’oota manguddootaa fi dhaabota lamaanitti dhaammatan. Dhuma irrattis ibsi ejjennoo Jaarmayoota Hawaasa Oromoo fi hawaasa Oromoo walgahii sanaarra turee qophaa’ee dubbafame. Hawwaasni irra deddeebi’ee harka walitti rukutuun mirkaneesse.Sagantaa gaalgala aadaa irrattis hawaasni Oromoo baayyinaan argamuun hanga lafa bariitti artistoota Oromoo waliin bashananaa dabarsan.