1.6 marga facaassuu (gosa margattin) sad. adeemsa ibsa...

68
II-1-32 1.6 Marga Facaassuu (Gosa Margattin) Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 1 Margaa “Roodeessii” Mata gudeessa fi gosa margaa heeduun dheedumsa Booranaa keessatti argaman Mata gudeessi margaa Roodeessii caalaa oolaa dandamata. Haa ta’u malee omiishtuman margaa Roodeessii caalaa. Sababa kanaan filaannoon keenya isaa dura margaa Roodeessii dha. Itti ansuun mata guddeessa dha. Koosii fayyadamun margii haalan akka biqqiluu ni gargaara. Osoo gadii hin fageesiin sentimeetira tokkoo hanga lama haala jabeenna biyyee ilaalun qotuun barbaachiisaa dha. Bayyina sanyii heektaraa tokkoo irraatti facaaffamu kilograma 1-4 dha. Sanyiin marga kanneen akkamalee naannoo gammoojjii keessatti kan biqqilaan yammuu ta’u, sanyiileen kun yoo hammamani fi yoo horiin dheede akka malee dandamatuu.Gama biraatiin dhiqqama biyyee ni ittissanii. 2 Marga “Roodeessii” Mata gudeessa fi gosa margaa heeduun dheedumsa Booranaa kessatti argamu Sanyiin margaa akkuma roobnii gana fi hagayya jalqaben facaaffamuu qaba. Haalli ittiin facaaffamu haarkaan bittineesun yoo ta’u, hanga biyyee keessatti seenu imoo seentii meetira 2 caalaa awwalamu hin qabu. Sanyii marga Roodeessii lafa 1m 2 irratti facaa’u qabu Sanyii Mata guddeesii lafa 1m 2 irratti facaa’u qabu

Upload: dokiet

Post on 20-Feb-2018

505 views

Category:

Documents


49 download

TRANSCRIPT

II-1-32

1.6 Marga Facaassuu (Gosa Margattin)

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 1

Margaa “Roodeessii” Mata gudeessa fi gosa margaa heeduun dheedumsa Booranaa keessatti argaman

Mata gudeessi margaa Roodeessii caalaa oolaa dandamata. Haa ta’u malee omiishtuman margaa Roodeessii caalaa. Sababa kanaan filaannoon keenya isaa dura margaa Roodeessii dha. Itti ansuun mata guddeessa dha.

Koosii fayyadamun margii haalan akka biqqiluu ni gargaara.

Osoo gadii hin fageesiin sentimeetira tokkoo hanga lama haala jabeenna biyyee ilaalun qotuun barbaachiisaa dha.

Bayyina sanyii heektaraa tokkoo irraatti facaaffamu kilograma 1-4 dha.

Sanyiin marga kanneen akkamalee naannoo gammoojjii keessatti kan biqqilaan yammuu ta’u, sanyiileen kun yoo hammamani fi yoo horiin dheede akka malee dandamatuu.Gama biraatiin dhiqqama biyyee ni ittissanii.

2

Marga “Roodeessii” Mata gudeessa fi gosa margaa heeduun dheedumsa Booranaa kessatti argamu

Sanyiin margaa akkuma roobnii gana fi hagayya jalqaben facaaffamuu qaba.

Haalli ittiin facaaffamu haarkaan bittineesun yoo ta’u, hanga biyyee keessatti seenu imoo seentii meetira 2 caalaa awwalamu hin qabu.

Sanyii marga Roodeessii lafa 1m2 irratti facaa’u qabu

Sanyii Mata guddeesii lafa 1m2 irratti facaa’u qabu

II-1-33

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 3 Marga “Roodeessii” Mata gudeessa fi gosa marga

heeduun dheedumsa Booranaa kessatti argamu

Ummatni lafa margii itti facaaffame yoo akkam xiqqate waggaa 3 hanga 5 dangeessuu fi horiin seenee akka hin nyaanee dhorkamu qaba.

Yoo omishtuman isaa lafa quncaa’ee haama tokkoo irraatti toonii 3.5 heektara tokkoo irraatti yoo ta’e deebisani facaasun ni barbaachisaa.

Suura guyyaa tokkoo keessatti fudhatame wal-biraa ilaala, Gama bita jiru gobbate margii gogoguu jira, gama mirgaa jiru sanyiin haphaatee margii naafa isaa dirrirffacha jira. Kun kan garsiisu margii sanyii tokkoo irraa biqqilee akka lafa heedu uwiisaa deemu dha.

Haa ta’u malee ummatni lafa xuxuqaa namaa fi horii irraa dhowwame irraa yeroo sanyiin bilchaatuu sanyii guru ni danda’a. Garu rakkoo nyaata horii waggaa 2 hanga 5 duratti yoo jiraate fi ummatni waliigalee horii isaaf haamani fayyadamu ni danda’a.

4 Marga “Roodeessii” Mata gudeessa fi gosa margaa heeduun dheedumsa Booranaa kessatti argamu

Sanyii margaa facaaffame waggaa sadii booda haamani fayyadamuun ni danda’ama. Margii waggaa dheera waan tuuruu fi hamamee deebi’ee waan biqqiluuf.

Erga margii biqqilee lafa sirritti qabeete ummatni akka kallo dheechiisu jal-qabu ni danda’u.

Yeroo haamnu seentii meetira 15 lafa irraa ol hiquun haamuu ni dandeenya.

Suuran margaa gama bita muldhatu kun margaa “Roodeessii” dha.

Suuran gama bitatiin muldhatu kun suura marga roodeessii dha.

II-1-34

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 5

Margaa Alfalfa

Laftii haala dansaatiin qotame qopha’u qaba akka lafa Halquqaa facaasuf qopha’u, margii “Alfalfa” akka waliigallatti laftii sirritti qophaa’ee barbaada.

Bayyina sanyii heektara tokkoo irratti facaaffamu kiloogramii 8-10 yoo koophaa facaa’u fi kiloograma 5-6 yoo margaa biraa wojjiin facaaffame dha.

Sararaa fi haarkan facaasun ni danda’ama.

Akkuma roobni gana jalqabe facaasun barbaachisaa dha.

Margii kun gammoojjii keessatti biqiluu ni danda’a. Bakka garaa yoo ta’e daagaa hojjachuun barbaachisa dha. Margii kun bayyina rooba millimeetira 600 waggaa tokkoo keessatti barbaada. Margii kun hiiddaa dheera qaba, bakka oolaan jirutti biqiluu danda’a. Olka’insa lafa adda addaa irratti ni biqilaa, omishaa heedu qaba (CP, Ca, P) Akkasumas qeencaa horii ni dandamata.

6 Margaa “Alfalfa”

Yeroo facaaffamu yoo biyyeen salphaa ta’ee seentii meetira 1 to 2 gadii kan awwallamuu yemmuu ta’u, yoo biyyeen ulffata seentii meetira 1 laffatii awwalama.

Yoo roobni jiraate “Alfalfa” guyyaa 30 hanga 45 keessatti deedebi’un haamuun ni danda’ama.

Yeroo horii kenninu %30 “Alfalfa” fi %70 nyaata gogogaa kan biro makkun kenina kun kan ta’u akka hin bokoksinefi dha.

Margii kun waggaa dheera waan turuuf yeroo roobni jiru deebi’ee waan latuuf yeroo yeroon haamnee horii kennun ittifayyadaminaa.

Bokokuu (bloat) jenu kun haala hin barratamneen garaan horii yoo dhiita’uu dha kun amoo kan muldhatu yoo horiin baayyinaan margaa kan nyaatani dha. Margii kun maqaa Alfalfa fi clover’n, beekama.

Margoota bada daree kan akka’Alfalfa’ fi ’Cow pea’ yoo kununisaa isaan dansaa ta’ee omishaa ol aanaa ni kennu.

Sanyii ”Alfalfa” lafa 1m2 irraatti facaaffamuu qabu

II-1-35

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 7

Veechii (Vetch)

Lafa qophii murasaa qabu barbaada.

Hanga heektara tokkoo irratti facaaffamu; Yoo kophaa ta’ee kiloogrami 20 heektaraa tokkoof, yoo sanyii margaa wojjiin facaaffamu kilograma 5-12 heektara tokkoof ni gaha.

Fageenya sanyiin biyyee keessatti awwalamu biyyee waayyama irraatti milimeetira 6 caaluu hin qabu.

Jalqaba irraatti haarkaan araamuun barbaachiisaa dha.

Rooba milimeetira 400 ol barbaada.

Dhukkuba fi ilbisoota ni dandamata.

Biyyee gosa adda addaa irraatti ni biqqilaa.

8 Veechii (Vetch)

Boqqolloo fi mishingaa wal-keessa facaasuun ni danda’ama.

Boroo duuba fi margaa biraa wojjiin ni facaaffama.

Yoo roobni jiraate deedebi’udhaan haamuun fayyadamu ni danda’ama. Sababii yeroo dheera waan turuuf (perennial).

Garaa horii afufuun ohee irratti guddoo hin muldhatuu. Yeroo baayyee horiin ‘Alfalfa’ Kilooveerii addii fi dima nyaatuu garaan isaan ni bokokaa.

Oheen deebi’ee laatuuf yeroo fudhaata.

Sanyii veechii lafa 1m2 irratti facaa’u qabu

II-1-36

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 9

Ataara sa’a/ohee (Cowpea)

Margii kun kan waggaa tokko turuu fi fayyida lama qaba (nyaata namaa fi horii). Bona ni danddamata.

Lafa qophii murasaa qabu irraatti facaa’aa.

Yoo kophaa kan facaaffamuu ta’ee heektara tokkoof kiloogramii 15 gaha dha. Margaa biraa wojjiin facaaffamu kilogramiin 12 eektaraa tokkoof gaha dha.

Baddaa kaasee hanga gammoojjii ni biqqilaa.

Waggaa tokkoo keeessatii bayyina rooba milimeetira 300 caalaa baarbaada.

Lafa bishaan itti hin baayyanee fi iddoo qileensa qorraa irraa biliisaa ta’ee barbaada.

10 Ataara sa’a (ohee)

Horii yoo nyaachisnu %30 ataara sa’a fi %70 nyaata horii gogogaa biraa wojjiin makkuun nyaachisuu. Afuffama gaaraa horii hanbiisuuf. Horiin yoo olanii buulani ataara sa’a nyaachuu ni barratu.

Margii kun margaa waggaa tokkootti sababa kanaaf sanyiin isaa waggaa-waggaadhaan waliitti qabu fi deebisani facaasuun barbaachisaa dha.

Sanyii Ataara sa’a/ohee lafa 1m2 irraa facaaffamuu qabu

II-1-37

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 11

Margaa “Lablab”

Margii kun margaa waggaa tokkootti.

Fayyida lama qaba (nyaata namaa fi horii) amalee oolaa ni dandamataa.

Yoo margaa “lablab” qofa ta’e heektara tokkoo irraatti kiloograma 18-20 facaaffama. Yoo midhaan keessatti (boqqolloo) kan facaaffamu ta’e heektara tokkoof kilograma 15 ni gaha. Midhaan adda addaa jiddu yoo ta’e (strip) kilogramii 2 gaha dha.

Lafa hanga ta’ee qopha’ee irratti facaaffama.

Badda kaasee hanga gammoojjii misoomu ni danda’a.

Waggaatti bayyina rooba milimeetira 400 caalaa barbaada.

Gosa biyyee adda addaa irraatti ni biqqilaa, garu biyyee sogida fi bakka bishaan irraatti ciisuu hin barbaadu. Baayyee hin nyaatamamu, horiin barrachuuf guyyaa heedu irraa fudhachu danda’a.baali isaa margaa biraa wojjiiin horii kennamu danda’a.

12 Margaa “Lablab”

Balaa dura irraa kaaasuun ji’a lama fi bultii kudhani shantti. Horii kennamu qaba.

Yeroo hunda lafa irraa seentii meetira 25-30 ol hiquun kutama. Yoo kanaan gadii kutame margii kun ni du’a.

Bookoka garaa loonii hanbiisuuf yeroo horii kenninu %30 margaa “lablab” fi %70 margaa biraa wojjiin makkuun nyaachissuu. Horiin lanumaan margaa “lablab” fayyadamu ni jalqaban.

Sanyii “lablab” lafa 1m2 irraa facaaffamu qabu

II-1-38

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 13

Ataara simphiree (Pigeon Pea)

Mukki kun shiiraabii (shrub) umurii dheera tti. Nyaataa namaa fi horii ni tajaajila. Jalqabaa irraa yeroo guddatuu yeroo fudhata. Takka lafa qabeettee jeennaaan rakkoo hin qabu.

Yeroo kopaatti facaaffamuu heektara tokkoo irraatti kilograma 10-20 yoo ta’u, midhaan keessa darbani dabrani dhaabuuf (forage strips) heektaraa tokkoof kilogramiin 1 ni gaha.

Yeroo dhaabbamuu meetira 1 gar gar fageesun dhaabbuun barbaachisaa dha. Margii kun lafa siritti qopha’ee irraatti facaaffama. Biyyee keessatti seentiimeetira 2.5-10 caalaa awwalamu hin qabu.

Boqqolloo fi mishingaa wal-kessatti facaasuuf mija’aa dha.

Waggaa 4 jiraachuu ni danda’a. Wabii nyaata mirkaneessu ni danda’a.

Daaga irratti tarsiimoo adda addaan fayyadamuf mijja’a dha. (strip & alley cropping).

Oolaa ni dandamata. Gosaa biyyoo adda addaa irratti ni biqqilaa. Jalqqaba laanuman bahe eegaa qabateen booda ni haariffata.

14 Ataara simphiree (pigeon pea)

Guddina isaa jalqabaa irraa yeroo fudhata. Yeroo tokkoo lafa qabeettee jeennaaan rakkoo hin qabu.

Firii jalqaba yoo bilchaachuu gahu fi dheerini isaa seentii meetira 80 irratti dhaqqabu kuttame horii kennama.

Nyaatni horii kun waggaa dheeraaf tura. Yoo irraa kuttani horii nyaachisani deebi’ee biqqilaa.

Margii kun nyaatamama fi sanyii heedu qaba. Iddoo bishaan irraa cisuu hin barbaadu. Rooba waggaatti milimeetira 400 barbaada. Yoo horiin deedebi’ee dheeddee qeenca horii ni danda’aa.

Sanyii ataara simphiree lafa 1m2 irraa facaaffamu qabu Sanyii guma 8/ m2!!

II-1-39

Step Process Description Yaada 15 Margaa Arbaa “Elephant Grass’’

Seentii meetira 30-40 cicirun yeroo roobni haala gariin robe fi biyyeen akka dansaa jidhee booda ni dhaabbama.

Akkuma suuran gama bita jiru garsiisu yeroo cicita ciru rogaa 45 irratii ciramu qaba. Kuniis kalatiin akka aduun fi rooban akka hin miidhamine tolcha.

Margii arbaa cicirame kun mita (nodes) sadii qabbate mita lama lafatii awwalame mitan tokko ala hafa. Yeroo hunda mitaan tokko biyyeen alatti ta’u qaba.

Margii arbaa yeroo dhaabamu cicita lama jidutti meetira 0.5-1 gargar fagatee dhabbamu qaba.

Bayyina rooba miliimeetira 700 waggaa tokkoo keessatti barbaada.

Margii arbaa margaa yeroo dheera turuu fi hiddaa isaa hedu fi kan waliitti hidhame dha. Seentii meetira 180-360 kan ol dheeratu yemmuu ta’a, omishaa hedu qaba. Biyyee gabba barbaada, yeroo boro duuba misoomsinee mijjawa dha. Waaggii hin dandamatu, yeroo deedebi’ani haaman dafee lataa.

16 Margaa Arbaa “Elephant Grass”

Yeroo tokko margaa arba dhaabbame lafa akka dansaa qabatee jeennaan to’achuuf hin rakkiissuu.

Margii arbaa kun nyaataa horii kanneen wojjiin daagaa irratti misoomu danda’a.

Margii arbaa yoo ol guddate waan jabbatuuf horiin nyaachuu hin danda’u.

Firii/Sanyiin margaa arbaa irraa argamu sadarkaan isaa kan gadii bu’ee dha (cicita isaa fayyadamun filatama dha).

II-1-40

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 17 Margaa Arbaa “Elephant Grass”

Margii arbaa haamanne horii nyaachisuu qabna. Margaa kana margaa biraa wojjiin sararan dhaabun ni danda’ama. Margii kana horii kennuuf dheerini isaa osoo meetra 1 hin darbiin lafa irraa seentii meetira 10 ol siquun haamuun ni danda’ama. Yoo dheerni isaa meetira 1 ol ta’ee waan jabbatuuf.

18 Mukka “Leucaena” (Fodder tree)

Nyaata horii kana kallatiin sanyii isaa facaasuu fi akasumas iddoo buufata biqiltuu danfisuun biqiltuu isaa dhabuun ni danda’ama.

Lafa osoo hin gabeesiin qotuun sanyii isaa kallatiin facaasuun nidanda’ama. Yoo biqiltuu ta’ee bolla biqiltuu qopheesuun ni dhabbama (2.7 ilaali).

Nyaata horii mukkeen ta’an kan akka “sesbania sesban”, “cajanus cajan” fi mukkeen naannoo kan akka gosa dhadacha ta’an wal-wojjiin dhabbamu/facaaffamu ni danda’u.

Mukkni nyaata horii kun qileensi naannoon baddaa isaa mijjawwaa dha.

Mukka nyaata horii “leucaena” kun waggaa dheerraaf jiraachuu fi lafa irraa hanga meetira 20 ol dheerachuu ni danda’a. Mukkni kun naannoo ho’aa, olka’insa lafa 2000 gadi fi. Rooba milimeetira 400 qabu barbaada. Biyyee gaboo kan asiidii hin qabane fi bishaan irraa hin cisnee barbaada.

II-1-41

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 19 Mukka “Leucaena” (fodder tree)

Sanyiin kilograma 4-7 heektara tokkoof gaha dha.Garu kun kan ta’u kaayyoo mukka kana itti facaasnu fi ittifayyadamnu baayina sanyii adda-adda tolchu danda’a.

Sanyii isaa facaasuu fi biqqiltuun dhabbun ni danda’ama. Yoo harkaan facaaasnu sentimeetira 2-3 fayyadamina.

Balina lafa “alley” lama jiddu jiru metira 2-2.5 hanga meetira 4.0 yoo ta’u, mukkeen jiddu imoo senti meetira 50 dha.

Gummaa sanyii kana akka dafee biqqiluu tolchuuf bishaan ho’aa keessatti daqqiqaa 10 tursuu.

https://toptropicals.com/catalog/uid/Leucaena_leucocephala.htm

Mukka “Leucaena” kun balaa isaa babalaa fi qabiyeen nyaataa (protein) olaanaa kan qabu yeemu ta’u, balaa fi dameeleen balaa wojjiin jiraan loonin akkamalee jalatamu. Mukkni kun nyaataan ala Akka lamafatii mukka qoraan, akkasumas mukkeen biraatifilee maadda “nitrogen”, loola ittissuu fi mukka gaddisaa ta’un tajaajila kenna.

20 Mukka “Leucaena’’ (fodder tree)

Kunnee horii kennuu qabina. Akkasumas horiin mukka irratti dheeduu ni danda’a.

Dheerinii isaa seentii meetira 80-100 gahu yeroo hunda torban 6-8 tti kutuun horii kennu.

Nyaatni horii kun nyaataa dabalataa horii ta’e ni tajaajila. Akkasumas marga balaa qaqqalaa wojjiin kennun ni danda’ama. Yoo bayyee yoo horii keninu reeshoo sirritti hordofun barbaachisaa dha. Kuniis waan ta’eef haadhawa (toxic) horii irraatti muldhatuu ni haanbisaa.

II-1-42

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 21 Mukka “Sesbania’’

Yeroo haarkan facaaffamu dafee guddata.

Akkuma roobni jalqabee lafa qophaa’ee irratti facaaffama, araama irraa qulqulluu ta’u qaba.

Bifa biqqiltuun yoo qophaa’ee akkuma roobni jalqabe dhaabbamu qaba (2.7 ilaali).

Badda irraa kaasee hanga gammoojjiitti ni biqqilaa.

Mukkni “Sesbania’’ lafa daagaan irratti hojjatame (contour forage banks) isaa mijjawwa dha. Dallaa itti ijaaruuf ni dhaabama, darbani darbani sararan lafa qonnaa keessatii ni dhaabama. Gosa biyyee adda-addaa irraatti ni biqqilaa (biyyee gabba). Waggaa tokko keessatii rooba miliimeetira 600 ol ni barbaada.

22 Mukka “Sesbania”

Fayyida irraa barbaadamuu irraa ka’ee haala gar gar fagatee facaaffamuu garagarumma qaba.

Sararan dhaabuuf firii/guma 50 meetira tokko keessatti firii/guma 2-3/boollaa tokko keessa meetira 0.5 gar gar fageessani dhaabu.

Lafa qonnaa keessatti sararan gargar fageessani yeroo dhaabamu (alley cropping) sarara ittiin dhaabamu jidutti meetira 4 fi sun ol gargar fagachuu qaba.

Haala itti fayyadama isaa: torban 6-8 keessatti metira 0.5-1 irraatti kuttun horii kennu. Marga akka nyaata dabalata fayyadamu (%20-%30) Yoo baayinan keninee summuma (toxic) ni qaba.

II-1-43

1.7 Daagaa fi Mikroo-Beeziin Irraatti Sanyii Marga Facaasuu

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 1 Daagaa biyyee irratti sanyii marga facaasuu

Haala suuran gama bita jiru garsiisuun, daagaan biyyee koonturii (contour) isaa egate qopha’ee jira.

Biyyeen daagaa keessa qottame gobsoo duudubatii bahee jira.

2 Daagaa biyyee irraatti sanyii marga facaasuu

Suuran gama bita jiru kun wantii garsiisuu yeroo daagaa biyyee hojjatamu waantootni guutamu qaban.

Source: Community Based Participatory Watershed Development, A

Guideline, MOA

Rooba

II-1-44

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 3 Daagaa biyyee irratti marga balaa babala (legume)

facaasuu

Gobsoo biyyee irratii sarara baasuu.

4 Daagaa biyyee irratti marga balaa babala (legume) facaasuu

Firii/guma sanyii balaa babalaa gar gar fageenya gosa sanyii jiddu jiru tilmama keessatti galchudhaan dhaabu.

Ataara simphiree meetira 1 firii/guman laman gargar fagachuu qaban.

II-1-45

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 5 Daagaa biyyee irratti marga balaa babala (legume)

facaasuu

Marga facaaffame biyyee itti deebiisuu.

6 Daagaa biyyee irratti sanyii marga balaa qaqqalaa (grass seed) facaasuu

Lannuman biyyee gobsoo gubba qottuu.

II-1-46

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 7 Daagaa biyyee irratti sanyii marga balaa qaqqalaa

(grass seed) facaasuu

Gobsoo irratti sanyii marga balaa qaqqalaa (grass seed) harkaan facaasuu.

8 Daagaa biyyee irratti sanyii marga balaa qaqqalaa (grass seed) facaasuu

Sanyii facaaffame biyyee itti deebisuu.

II-1-47

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 9 Mukkeen nyaataa horii ta’an (fodder trees) ykn marga

arbaa (elephant grass) mikroo beeziin keeessatti dhaabu

Akkuma suuran gama bita jiru garsiisutti mikroo-beeziniin koonturii isaa egatee qottame jira.

Gobsoon biyyee mikroo-beezinii duudubatii bahee jira.

10 Mukkeen nyaataa horii ta’an (fodder trees) ykn marga arbaa (elephant grass) mikroo beeziin keeessatti dhaabu

Balini mikroo-beezinii kan murta’u yeroo bayyee sadarkaa mancaa’inaa lafichaa irraaa hunda’eetii. Yoo laftii sun akkamalee kan mancaa’ee yoo ta’ee, balini isaa gudda dha.Suuran gama bita muldhatu fakeenya mikroo-beeziniitii.

Mikroo-beeziniin qopha’ee kun hojjiin isaa guddaan biqqiltuu dhaabbameef maadda bishaan (water tanker) ta’ee tajaajila.

Rooba

Xiyyan kun kan garsiisu meetira 1- hanga meetira 1.5

Bolli kun kan biqqiltuun itti dhaabamu dha.

II-1-48

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 11 Mukkeen nyaataa horii ta’an (fodder trees) ykn marga

arbaa (elephant grass) mikroo beeziin keeessatti dhaabu

Bolla biqqiltun itti dhaabamu qotuu.

Gadi fageenyi qotamu seenitii meetira 20 dha.

12 Mukkeen nyaataa horii ta’an (fodder trees) ykn marga arbaa (elephant grass) mikroo beeziin keeessatti dhaabu

Laastikii biqqiltuun itti qopha’ee osoo biqqiltuun hin dhaabbamiin dura tarsa’ee bahu qaba.

15~20cm

II-1-49

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 13 Mukkeen nyaataa horii ta’an (fodder trees) ykn marga

arbaa (elephant grass) mikroo beeziin keeessatti dhaabu

Biqqiltu walakka bollatii ka’u.

14 Mukkeen nyaataa horii ta’an (fodder trees) ykn marga arbaa (elephant grass) mikroo beeziin keeessatti dhaabu

Biyyee deebisuu fi jabeesuu.

II-1-50

1.8 Sanyii Marga Guuruu

Sad. Meeshalee barbaachisaa ta’an Yaada 0

Hamtuu

Qarxaasii sanyii ittin guuran

Bangaa

Ullee qalla/Arcuumee sanyii dhaawuuf.

II-1-51

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 1 Sanyii marga bilchachuu isaa mirkaneesuu (marga

balaa qaqqalaa)

Sanyiin margaa haala salpaatiin bilchachuu isaa beekuuf quban qabanee yoo ilaalu sanyiin irraa jiga.Yeroo sanyiin haala salphatiin jige, kun imoo sanyiin bilchachuu isaa garsiisa. Yeroo harkaan suukumani fi urgufan yoo jige sanyiin sun guuramuu qaba.

Sanyiin margaa walitti qabamuuf bilchaachuu isaa mirkaneessun barbaachisa dha.

Yeroo dararan isaa haala wal-fakkatuun buffatee yoo firii naqatee bilcha’ee waliitti qabun ni danda’ama.

Ummata wojjiin marii’achuun bakka sanyyii margaa irraa sasabamu addaan bahee beekamu qaba.

Margaa uummama (naannoo) ummatan waliitti qabamu qaba. Kun imoo misooma dheedumsa babaldhiisuuf marga naannoo haala naannoo waan dandamatuuf marga biro kamiyyuu caalaa filatama dha.

2 Sanyii marga bilchachuu isaa mirkaneesuu (marga balaa babalaa)

Firii yoo addatuu fi bilchatuu sanyiin ni guurama.

Suuran gama bita muldhatuu Ataara simphiree bilchate garsiisa.

II-1-52

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 3 Sanyii guuruu (marga balaa qaqqalaa)

Mata marga kutuu.

4 Sanyii guru (marga balaa babalaa)

Haarkan guuruu.

II-1-53

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 5 Goggogisuu

Sanyii erga guureen booda achumatii goggogisuu.

Margii balaa qaqqalaa gadisaa jalaa goggoguu qaba. Sababni isas sanyiin marga balaa qaqqalaa ulfina waan hin qabneef qileensaan fudhatamu danda’a.

Sanyiin marga laastikii irratti guyyaa tokko keessatti yeroo lama gagaragalchuun goggoffamuu qaba.

Yoo qileensi goggogaa ta’ee haala barratameen guyyaa 3-5 tti goggoguu qaba.

6 Dha’wwuu (marga balaa babalaa)

Laastikii irratti arcuumeen dha’wwuu.

II-1-54

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 7 Dha’wwuu (marga balaa qaqqalaa)

Laastikii irratti urguufuu.

Yookan laastikii irratti haarkan suukumuu.

8 Sanyii marga kuusuu

Sanyiin waliitii qabame kun iddoo qabanaa fi goggogatii ol kaa’amu qaba. Turtiin umurii sanyii tokko naannoo/bakka kuusamee irratti hunda’aa. Walumagallatti sanyiin tokko haala dansaan yoo qabame osoo hin hamatiin waggaa 5 turu ni danda’a.

Siree seeran qopha’ee irratii kuniis lafa irraa meetira 1.5 fi gara garuma siree laman jiddu jiru imoo seentii meetira 50 ta’u qaba.

Sanyiin marga erga goggogeen booda qarxaasiin naqame, sirritii hidhame gargar fagatee kuusamuu qaba.

Margii balaa qaqqalaan hanga marga balaa babalaa rakkoo hin dandamatuu, kanaafuu marga balaa qaqqalaa laanuman goggogisun biqqilaa irratii akka milka’uu ni taasiisaa.

II-1-55

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 9 Sanyii kuusuu

Kuusaa keessatii.

Qarxaasii keessatii.

Iddoo qabanaa fi goggogatii.

10 Cicita marga arbaa waliitii qabu

Akkuma suura irratti muldhatuu jirmii mita laman jiddu jiru ni kutama.

Seentii meetira 30 hanga 40 gargar fageesun ni cicirama.

Cicitan marga arbaa yeroo roobni sirrtti roobe qopha’aa. Akkuma ciciramen achumatii dhaabama. Kuusaa keessatii ol ka’un hin barbaachisuu hanga dhaabamu gaddisaa YKN iddoo bishaan jirutii ol ka’amuu qaba. Margii arbaa cicirame naannoo gammoojii keessatii osoo hin dhaabamiin guyyaa 5 caala turu hin qabu.

Cicitan marga arbaa cicirame guyyaa 5 caala turuu hin qabu. Garu sababa adda ta’een ykn yoo ummatni dhabuuf naannoo sun hin jirannee boollaa qonnee hanga walakatii bishaan guutuun cicita awwalee hanga guyyaa dhabamuu tursuu ni dandeenyaa. Yoo kun hin ta’in cicitaan margii arbaa ni goggogaa.

II-1-56

1.9 Buuyyoo Qophessuu (Hay Making)

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 1 Margaa balaa qaqqalaa (grass) okaa qopheessuuf

barbaachisaan

Gosni margaa okaa qopheesuuf ta’an ni filaatamuu. FKF kan akka margaa “Roodeesii” fi mata guddeessa akkasumas gosni marga naannoo keessatti argaman irraa. Okaan qopheessuu ni danda’ama.

Margii yeroo dararuuf dhaqqabu fi yeroo dararaa jalqabuu okaa qopheeesuuf mijjawwa dha.

Kaayyoon okaa qopheesuun qabiyee nyaataa akka aduun ol hin bannee fi margii osoo hin shammiin qulqullina isaa egamee nyaataa horii dhiyeessuu yeemu ta’u, margii hamamee gadiisa jala goggoguu qaba. Akkasumas iddoo jidhaa hin jireetii hidhamee tuulamu qaba.

2 Marga haamuu

Margii lafa irraa seentii meetira 15-20 ol hiquun haamamu qaba.

II-1-57

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 3 Marga goggogisuu

Margaa haamamee ariitiin guyyaa 1-3 tti adduufi gadisaa jalaa goggogisuu.

Margii hamame kun akka hin shaamnee guyyaa tokko keessatti yeroo 2 gagaragalchudhaan goggogisuu.

Margii haamamee yoo rooban dhanamee YKN yoo bishaan irraa jigee okaan kun ni haamata. Kanaafuu roobni yoo kaa roobu ta’e gadiisaa rooba hin dhimisinne jalaa goggogisuun barbaachisaa dha.

4 Okaa tuulu

Okaan sirritti erga goggogee booda mata isaa gubba qalisuun akka roobni itti hin seene tolchuun tuulamuu qaba.

Akkuma suura irratti mulatuu gadiisaa jala tuulu.

Bakka qorqqoroon/cittan gubba ijaarameetti tuulu.

II-1-58

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 5 Okaa looni nyaachiissuu

Ummatni yeroo hanqina marga fi yeroo wal-horani kennuu ni danda’a.

Ganama fi galgala akka nyaataa dabalata horii kennun ni danda’ama.

6 Ittifayyadama haftee midhaani

Haftee midhaani kan akka xaafii, qamadii fi garbuu gadiisaa jalaa tuulamu qabu.

Gama biraatiin midhaan agadaa kan akka haftee boqqoollo fi mishiingaa seentii meetira 10 tti ciciramu qaban. Kara birootiin sogiidaan jisuun barbaachisaa dha. Sogiidii naannoo kilogramii 0.5 haftee kilograma 100 laafisuu ni danda’aa.

Haftee midhaan dheedhii/balaa babalaa kan akka halquuqaa marga fi haftee midhaan bilaa wojjiin makkuun horii kennuun ni danda’ama.

II-1-59

1.10 Saayilleejjii Qopheessuu (Silage Making)

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 1 Bollaa qotuu

Bollaa gadii qotuu.

Balina bollaa bayyina maateeriyalli harkaa qabnu irraa hunda’aa.

Gosni bollaa jala dhiphatee gubba balachuu qaba.

2 Mateeriyaalli saayilleejjii qopheesuuf ta’an midhaan agadaa/ margaa walitti qabu

Godina Booranaa keessatii saayiilleejjiin haaftee boqqoollo, mishiinga fi margaa addda-addaa irraa qopha’u ni danda’ama.

Maateeriyaaliin saayiilleejjiin ittiin hojjatamu kan kuttamu balaa isaa 1/3 yoo goggogee fi 2/3 yoo magariisaa ta’e dha.

Erga maateeriyaaliin saayilleejjiin ittin qopha’u waliitti qabameen booda guyyaa tokkoof adduun dhanamuu qaba. Kuniis kan ta’u, bishaan maateeriyalii keessa jiru akka xiqaatu dha.

Godina Booranaa keessatti cinaan horsiisee bultootni yeroo bayyee hanqina roobatiin kan ka’ee midhaan isaan facaaffatan osoo omishaa hin kenniin hafaa. Yeroo kannatii meeshaa omishaa malee hafuu kana saayilleejjii ittiin qopheessuun ni danda’ama. Fakeenyaaf boqqoollon saayiilleejjii ittiin qopheesuuf mijjawwa dha.

II-1-60

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 3 Meeshaa harkaa maateeriyaaliin saayiilleejjii ittin

ciramu

Suuran gama bita jiru kun kan garsiisu meehaa harkaa maatteeriyaaliin saayiilleejjii ittiin ciramu dha.

Yoo ummatni meeshaa harkaa kana hi qabannee kan akka haamtu fi baanga fayyadamuun ni danda’ama.

Maateeriyaallii saayiilleejjii ittin qopha’u keessatti marga balaa babalaa (legumes) dhibbeenta (50%) itti makkamu qaba kun kan ta’u qabiyee nyaataa maaddalaa tolchufi dha. Garu marga gosa tokkoon saayiilleejjii hin deegaramu.

4 Meeshaa harkaa saayiilleejjiin ittiin qopha’u ciciruu

Midhaan/margaa seentii meetira 5 hanga 7 ciciruu.

Maateeriyaalli saayiilleejjii ittiin qopha’u keessatii araaman argamu/makkamu hin qabu.

II-1-61

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 5 Ukkamsuu

Laastikii dirrirsuun bakka hedutii gara jala u seentiimeetira 4 uruu. Wantii laastikiin uraamuuf bishaan boqqoollo/margaa keessatii jiruu akka keessa ba’aa dha.

Maateeriyaalii saayiilleejjii laastikii bollaa keessa naquu.

6 Sogiidaa itti naquu

Sogiidaa itti naquu (kilolgramiin tokko bolla 1m2

gaha dha).

II-1-62

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 7

Dhiituu

Maateeriyaalli kukutame keessa akka qileensi bahu jabeesani gadii dhiituu.

Maateeriyaalli kukutamee amalee naqachuun dedeebi’udhaan jabbeessani gadii dhiituu.

Hanga bolli guutamutti maateeriyaalli itti naquun dedeebi’uun jabeessani dhiituu.

8

Laastikiin uwiisuun dura

Amalee dhiituu.

II-1-63

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 9 Laastikiin uwiisuu

Loolan akka itti hin seennee laastikiin uwiiffamu qaba.

Maateeriyaaliin saayilleejjiin ittin qopha’u kan akka bishaan, biyyee fi qileensaa wojjiin wal-makkamu hin qabu.

10 Laastikiin uwiisuu

Akka bishaan hin seennee of eggannoodhaan laastikii uffiisuu.

Yoo bishaan bayyatee saayilleejjiin ni shaamma.

II-1-64

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 11 Biyyee uffiisuu

Akka qileensii sirritii bahu biyyee baayyinaan laastikkii irratti naquu.

12 Biyyeen uwiisuu

Saayilleejjiin erga qopha’een booda torban 3 turu qaba.

II-1-65

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 13 Saayilleejjiin yeroo baanamuu

14 Saayiilleejjii hordofu.

Yoo saayiilleejjiin dansaa ta’e, biftii isaa magariisaa dha.

Yoo imoo biftii isaa jijjirame folee biraa yoo urga’ee saayiilleejjiin sun hammatee jira. Tajaajila kennu hin danda’u.

Saayiilleejjiin dansaa urgawwaa dansaa qaba.

Yoo urgawwaan isaa dhooqqee loonii fi mana fincaanii YKN “Ammonia” ta’e filaatama miti.

II-1-66

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 15

Hordofu fi horii nyaachissuu

Saayiilleejjiin dansaa fi qulqullinaa qabu harkaan fudhanii walitti maruun yoo daqiiqaa 30 waliitii micaanii akka suuran gama bita jiru garsiisuun achumatii osoo hin socho’in hafaa.

Saayiilleejjii akka nyaataa dabbalata horii kennuun barbaachisa dha.

Saayiilleejjii bannee horii kennuu erga jalqabne booda yoo yeroo hunda banu laastikii ufiisuun barbaachisaa dha.

16

Inadequate Air Discharge

Sealing Problem

Insufficient Liquid Discharge Insufficient Holes for Discharge

Sababooni saayiilleejjii hameessuu danda’an

Sababoota gurguddoo saayiilleejjii akka haamatu tolchani:

Qileensi bayyinaan yoo seenne kun imoo saayiilleejjiin akka shaamuu, mooldii fi akka bifaa jijjiratu tolchaa.

Yoo bishaan sirritti keessa hin bannee kun imoo akka tortoruu fi bifaa isaa akka jijjiratu tolchaa.

Yoo sirrittii hin uwiiffamiin saayiilleejjiin shaamuu, mooldii fi akka bifaa isaa jijjiratu tolchaa.

Wantoota armaan olitti ibsaaman yoo to’anee saayiilaaggii dansaa qopheessuu ni dandeenya.

Insufficient Disinfection

II-2-1

2.1 Haala Qilleensaa fi Oomisha Midhaanii Godina Booranaa, Naannoo Oromiyaa 2.1.1 Haala qilleensaa

Waqtii Amala Ibsa Bona Ji’a Muddee hanga Guraandhalaa. Amala qilleensa ho’aa fi gogaa yeroo dheeraa qaba. Waqtii oomisha midhaanii miti.

Ganna Ji’a Bitootessaa hanga Eabilaa qabata. Waqtii roobaa irra guddaa akka godina booranaa ti. Haalli roobaa walfakkaataa/ dhaabbataa miti. Yeroo tokko tokko bitootessa jalqaba jalqabee caamsaa keessa dhaabbata, yeroo tokko tokkommoo bitootessa dhuma jalqabee hanga eebilaa deema.

Midhaan yeroo kana oomishuuf tolan; Boqqolloo, Halquuqaa, Xaafii, Qamadii, Garbuu, Shumburaa, Bishingaa fi Ocholoonii dha

Adolesa Ji’a waxabajjii hanga Hagayyaa qabata. Amala qilleensa jiidhaa fi gogaa qaba. Yeroo hedduu duumessa qaba, garuu hin roobu.

Waqtii oomisha midhaanii miti.

Hagaya Ji’a Fulbaanaa hanga sadaasaa qabata. Waqtii roobaa xiqqaa akka godina booranaa ti. Haalli roobaa walfakkaataa/ dhaabbataa miti. Yeroo tokko tokko guyyaa muraasa calla rooba (turban tokko).

Midhaan waqtii kana oomishuuf tolan/ miijatan; Halquuqaa, Xaafii, Qamadii, Garbuu, Shumburaa fi Ocholooniifaa dha.

M o n th J F M A M J J A S O N DS e a s o n BonaBona Ganna Ado lesa H a ga y a

II-2-2

2.1.2 Amala Biyyoo

Gosa Biyyoo Amala Ibsa Biyyoo Gurraacha (Koticha) Gabbina guddaa (Olaanaa) qaba

Qabiyyee suphee guddaa waan qabuuf, daandeettii bishaan ofkeessatti qabachuu guddaa qaba.

Yeroo qonnaa keessumattuu yeroo ciidhaa (roobaa) rakkisaa dha. Kanaafuu, biyyoo akkasii dursanii yeroo gogaa bokkaan otoo hin roobiin qotanii qopheessuun barbaachisaa dha.

‘Cotton Black Soil’ illee ni jedhama

Gosoota midhaanota dafanii hin bilchaannee kan akka Boqqolloo fi Bishingaaf fayyadamuu barbaachisa.

Biyyoo Diimaa (Wayema) Gosa biyyoo bal’inaan lafa gammoojjii booranaa keessatti argamu, akka odeeffannoo gartokkeenn qonnaan bulaa irraa argamee.

Biyyoo gurraacha waliin wabira qabamee yeroo ilaalamu dandeettiin bishaan ofkeessati qabachuu isaa xiqqaa dha.

Gabbinni isaas biyyoo gurraachaa gadi

Midhaanonni gurguddaan hundi boorana keessatti ni oomishamu Midhaanota dafanii bilchaatan kan akka Halquuqaa, Xaafii, Qamadii (Dargaayyee), Garbuu, shumburaa fi kkf fayyadamuun filatamaa dha.

Gurraachaa fi diimaa makaa (Birbora) Makaa biyyoo gurraachaa fi diimaa ti. Xaa’mmaa, bishaan qabachuu fi qonnaaf miijachuun giddugaleessa biyyoo

lamaanii ti. Qonnaaf salphaa dha.

Midhaanonni gurguddaan hundi boorana keessatti ni oomishamu Midhaanota dafanii bilchaatan kan akka Halquuqaa, Xaafii, Qamadii (Dargaayyee), Garbuu, shumburaa fi kkf fayyadamuun filatamaa dha.

II-2-3

Item Characteristics Remarks Biyyoo cirrachaa (Mansa) Xaa’ummaa fi bishaan qabachuun isaa gadi aanaa dha. Sababiin isaas biyyoo

suphee fi kosii ofkeessaa hin qabu. .

Akka malee gogaa ddha.

Biyyoo fi xaa’ummaan isaa akka salphaatti lolaadhaan dhiqamuu ni danda’a.

Rirmaaf bakka miijataa dha.

Oomisha midhaaniitiif filatamaa miti. Dandeettii bishaan qabachuu isaa guddisuuf kosii itti naquun barbaachisaa dha.

Biyyoo Adii (Adi) Xaa’ummaa fi bishaan qabachuun isaa gadi aanaa dha. Sababiin isaas biyyoo suphee fi kosii ofkeessaa hin qabu.

Biyyoo fi xaa’ummaan isaa akka salphaatti lolaadhaan dhiqamuu ni danda’a.

Oomisha midhaaniitiif filatamaa miti. Dandeettii bishaan qabachuu isaa guddisuuf kosii itti naquun barbaachisaa dha.

II-2-4

2.1.3 Madda Bishaanii Mi’a Amala Waqtii

Bishaan Bokkaa Bokkaa yeroo lamaa: gannaa fi Hagayyaatu jira. Giddugaleessaan lafti gammoojjii Boranaa rooba 500 mm – 700 mm ni argatti. Amalli roobaa walfakkaataa miti.

Midhaan roobaan oomishaman: Boqqolloo, Halquuqaa, Xaafii, Qamadii, Garbuu, Shumburaa, Bishingaa fi Ocholoonii dha

Laga Aanaalee gammoojjii kurnan Boorana keessatti argaman keessaa Malkaa soddaa fi Areeroo callaatu Laga qaba. Lageen Daawwaa fi Kojo’aa jallisiif warra ooluu danda’ani dha. Lageen kun waggaa guutuu ni yaa’u.

Midhaan oomishaman; Midhaanota gosa hundaa keessumattuu kuduraa fi muduraa.

Haroo Haroolee namaan hojjetaman kan dhugaatii namaa fi horiif oolan callaatu jira. Haroolee xixiqqoo naannoo manaa (family ponds) oomisha kuduraa fi muduraa adda addaaf ni fayyadamu.

Midhaan oomishaman; kuduraa fi muduraa

Burqaa Bishaan burqaa muraasni aanaa taltallee keessa ni jiru. Waggaa guutuu, yeroo bonaa dabalatee hin goganu.

Midhaanota oomishaman: kuduraa fi Muduraa

II-2-5

2.2 Oomisha Bokkaan (rainfed) waliigalaa Godina Booranaa

Duraaduuba Hojii Ibsa Yaada

1

Baay’ee gaarii!! Dansaa miti

Lafa filachuu;

Yeroo lafti qonnaa filatamu kanneen armaan gadiirratti hundaa’uun barbaachisaa dha.

Gosa biyyoo: midhaan facaafamurratti hundaa’a

Taa’umsa lafaa: Lafti ciisaan filatamaa dha.

Bishaan jiraachuu: Jallisiidhaaf laga ykn haroo bira ta’uu qaba (near rivers or ponds for irrigation)

Fageenya gabaa: gabaatti dhiyoo yoo ta’e filatamaa dha.

Fageenya Ollaarraa: Ollaatti dhiyoo yoo ta’e filatamaa dha.

Mala qonnaa hundaafuu biyyoon magaalli (birboora) kan walnyaate silty soil) filatamaa dha. Haata’u malee ‘istraakcheriin’ eegumsa biyyoo fi bishaanii yoo hojjetame lafa tarbeellee fayyadamuun ni danda’ama.

2

Lafa qulqulleessuu Dallaa ijaaruu

Lafa qulqulleessuu fi dallaa ijaaruu;

1) Micireewwan oobruu keessaa ciramuu malan adda baasuu .

2) Micireewwan faayidaa hin qabnee fi aramaawwan balleessuu (buqqisuu)

3) Mukoota qoraattii qaban barbaadanii ittiin dallaa oobruutti ijaaruu.

Otoo hin qotiin dura daaraan mukootaa akka xaa’oo uumamaatti naqamuu qabu, garuu daaraa biqiltoota aramaa hamaa ta’anii kan akka Parthenium hysterophorus lafa oobruutti naqamuu hin qabanu.

Mukkeen faayidaa qabeeyyiin (leguminous trees species) kan akka Acacia tortorse ykn Acacia albida midhaan oomishuuf faayidaalee kan akka qilleensa ittisuuf, nyaata horiif, xaawulaa hojjechuu akkasumas biyyoo gabbisuuf (nitrogen fixation) ni fayyadu.

Akka malee baallisaa gobbataa taanaan garuu irraa hir’isuu barbaachisa.

II-2-6

Duraaduuba Hojii Ibsa Yaada

3

Qotuu;

Biyyoon kootichi yoo goge qotuuf rakkisaa dha. Biyyoon gurraachi keessumattuu yoo dhidhiitame goobsoo uuma. Kanaafuu hanga bokkaan jalqabaa bu’ee lafa jiisutti eeguun gaarii dha.

Bo’oon qonnaa hanga fageenya sarara gidduu midhaan walirraa fagaachuu qaburrati hundaa’a. irraa guddaa 75 cm dha.

Lafti laafaan jambee, akaafaa fi reekii fayyadamuudhaan harkaan qotuun ni danda’ama. Haata’u malee uummani gartokkeen horsiisee bulaa, saba sangaa dhabuutiin lafa jabaataallee harkaan ni qota.

Yoo biyyoon salphaa ta’e, yoo aarashaan dhiphaa ta’e, yoo biyyoo baay’ee gadi hin fagaatu ta’e harree fayyadamuun ni danda’ama

4

Xaa’oo keemikaalaa Kosii

Xaa’oo fayyadamuu;

Xaa’oon nyaata midhaaniiti akkuma nyaata beelladaa. Midhaanonni albuudota barbaachisoo 18 keessumattuu kan akkaa; nitrogen (N), phosphorus (P), and potassium (K) guddina midhaaniif akka malee barbaachisu. NPKn midhaaniif qabiyyee sirrii ta’een dhiyaachuu qaba.

Xaa’oon gama tokkoon otoo hin facaasiin dura itti naqama. Xaa’oon keemikaalaa fi xaa’oon uumamaa dursanii facaasuuf ni fayyadu. Xaa’oon uumamaa kan akka kosii fi kompostii yeroo qonnaa itti naqamanii biyyoon walmakuu qabu.

Xaa’oon yeroo facaasuu naqamu; basal dressing’ jedhama, kan edda midhaan guddatee naqamummoo ‘top dressing’ jedhama.

II-2-7

Duraaduuba Hojii Ibsa Yaada

5

Facaasuu;

Sarara qajeelee ba’e walirraa fageenya walfakkaataa ta’een (regular spacing) bool’a keessa buusuu. Sararaan facaasuu fi walirraa fagageenya midhaanii haadaan milikkita gochuun ni danda’ama ykn bakkasaa meeshaa qonnaatiin gadi qotuun ni danad’ama. Sararaan facaasuun yeroo sangaadhaan midhaan gidduu qotanii aramanii fi b’oo (ridge) basuuf barbaachisaa dha.

Sararaan facaasuun keessumattuu Boqqolloo fi Bishingaa akkasumas midhaan kunuunsuu kan akka aramuu, jallisii, midhaan giduu qotuu (shilshaaloof) fi KKFf miijataa dha.

Boqolloo, Bishingaa fi Halquuqaanillee sararaan faca’uu ni danda’u.

6

Aramuu;

Aramaan torban 2-3 booda harkaan, jambeen KKFn jalqabamuu qaba. Boodarra haamtuudhaan ciruun ni danda’ama. Jambee fayyadamuunis ni danda’ama, garuu, biyyoo ni jeeqa. Jambee ykn meeshaa biraa yoo fayyadaman biyyoo akka baay’ee hin jeeqne xiqqeessanii qotuu barbaachisa.

Qorsa aramaa fayyadamuun ariifataa fi salphaa dha, biyyoolleen akka hin jeeqamne ni fayyada. Boorana keessatti 2-4D xaafiif itti fayyadamuun kan baratame dha

Qorsa seeraan qabachuun, bishaaniin makanii fayyadamuun, hanga sirrii ta’e (appropriate rate) fayyadamuun barbaachisaa dha.

Aramaan otoo hin daraariin aramuun aramaa oobruu keessaa hir’isuuf kan bara sanaa duwwaa otoo hin taane kan bara itti aanuufillee ni fayyada.

Midhaan akka haamameen fi yeroo bonaa aramaa haamanii balleessuun akka sanyii hin harcaafanne fayyada.

II-2-8

Duraaduuba Hojii Ibsa Yaada

7

Raammoo fi dhukkuba ittisuu;

(1) Kunuunsa biyyoo fi midhaanii: gabbina biyyoo fooyyeessuu, midhaan waljijjiiranii facaasuun ilbiisonnii fi dhukkubooni akka wal hin horre dhowwuu etc.

(2) Bakka jireenyaa kunuunsuu (Habitat management): Biqiltoota uumamaa naannoo oobruu dhaabuun diinota uumamaa akka ofitti harkisu gochuu, qulqullina oobruu aramaa keessaa qulqulleessuun fooyyessanii ilbiisotaa fi dhukkuboonni akka oobruutti hin dhufne fi kkf gochuu.

(3) Kallattiin itiisuu: farra ilbiisotaa kan mirkanaa’an ykn kan uumamaa fi farra fangasii kan ‘biological’ ykn albuudarra kan argaman- biqiloota keessaa kan cuunfaman (plant extract) fi zayitii.

Kemikaalota Boorana keessatti argaman: malathine, Dursban, kemikaalonni kan fayyadaman akka carraa dhumaatti ta’uu qaba (Yeroo miidhaan Baasii caalau).

8

Goggogsuu fi Haamuu;

Midhaan yeroo inni sirriitti bilchaatee gogu haamuun/ guuruun barbaachisaa dha. Dursanii akkasumas duuba buusanii haamuun/ guuruun baay’inaa fi qulqullina midhaaniirratti dhiibbaa guddaa qaba. Midhaan muduraa tokko tokko kan akka timaatimaafaa yoo gabaa fagootti waan geessaman taate otoo hin bilchaatiin dursanii guuruun barbaachisaa dha. Yerro guuran oomisha akka hin balleesine (hir’ifne) of’eeggannoo gochuun baay’ee barbaachisaa dha. Yeroon guuran midhaanii gara midhaaniitii garaagarummaa qaba. Tokkoon tokkoon midhaanii mallattoolee adda addaa qabu. Boqqolloo fi halquuqaaf qeensaan waraananii ykn ciniinanii ilaaluun hagam akka jiidhinsa qaban ilaaluuf nama gargaara.Boorana keessatti harkaan waan hojjetaniif, badiin midhaaniiyeroo haamaa xiqqaa dha.

Qabiyyee jiidhinsa midhaanii otoo oobruurra jiruu sirriitti ilaaluun barbaachisaa dha.

Haamaan booda midhaan haamame sana bakka tokkotti walitti qabiitii sirriitti gogosi.

II-2-9

Duraaduuba Hojii Ibsa Yaada

9

Dhahuu Qulqulleessuu

Dhahuu, Qulqulleessuu; Yeroo dhahuu midhaan akka hin miine of’eeggannoo gochuun barbaachisaa dha. Midhaan qulqulluu argachuuf lafti irratti dhahan qulqullaa’uu qaba. Lafa gammoojjii booranaa keessatti haalli itti dhahanii fi afarsani baay’inaa fi qulqullina midhaanii ni hir’isaa, kanaaf xiyyeeffannoo brabaada. Yeroo madaabaraatti naqanii fi geejibanillee of’eeggannoo gochuun barbaachisaa dha. Meeshaan itti fayyadamnu sun jabaataa kan yeroo geejjibsiifnu hin cinne ta’uu qaba. Boorana keessatti geejibaaf harree fayyadamu.

Olkaa’uuf yoo keeshaa ykn pilaastikii waan fayyadamnu taate dursanii qorsab itti naquu barbaachisa.

10

Kuusuu; Sanyiin ykn midhaan waliigalaa yeroo kuufamu qabiyyeen jiidhinsa isaa akkuma gosa midhaanotaattii adda adda ta’uu qaba. Kanaaf, otoo hin kuusiin dura qabiyyeen jiidhinsaa gara pereseentii barbaachisu sanatti gadi hir’achuu qaba. Hantuutni rakkoo guddaa ta’uu ni danda’a. midhaan ni nyaatu akkasumas fincaan isaaniitiin ni balleessu. Akka isaan gara kuusaa midhaaniitti hin dhiyaanne dhowwuun baay’ee barbaachisaa dha. Gingilchaa sibiilaa (mesh wire) fayyadamanii afaan kuusaa (gootaraa) cufuun akkasumas miilla kuusaarratti qorqoorroo hidhuu akka kuusaa hin seenne gochuun barbaachisaa dha. Qorsa fayyadamuun barbaachisaa dha. Akkasumas qaxurreenillee hantuuta dhowwuun ni danda’ama.

Midhaan otoo hin kuusiin ykn itti fayyadamuu hin jalqabiin sirriitti gogsaa. Qabiyyeen jiidhinsa midhaanii 12.5 % gadi ta’uu qaba. Kuni midhaan yeroo kuusamee jirutti akka salphaatti ilbiisaa fi dhukkubaan akka hin miidhamne gargaara.

II-2-10

2.3 Oomisha midhaanii lafa gammoojjii booranaa fi amaloota isaanii 2.3.1 Boqolloo (Zer mays L., Graminaceous / Poaceae family)

Mata duree Amala Oomishaa akkamitti hojjechuu qabna?

Haala Biqilichaa

Midhaan akka halquuqaa fi xaafii caalaa, bilchaachuuf yeroo dheeraa fudhata.

Haata’u malee, sanyiileen yeroo gabaabaa keessatti dhaqqaban kan akka Malkaasaa I fi Malkaasaa IV aanaalee gammoojjii booranaa hanqina roobaa qabu kanaaf miijatoo dha. .

Halagaan ofpoolaneessoo dha: Sanyii qulqulluu oomishuuf rakkisaa dha, yoo gosa sanyii biraa irraa fageessanii facaasan malee.

Sanyii seenaan isaa beekamu fayyadamuun barbaachisaa dha. Sanyii gabaarraa bitanii facaasuun rakkina mataasaa qaba.

Yeroo bakka filannu bakka jiidhinsa qabu filachuun barbaachisaa dha.

Boqqolloon gaaddisa guddaa waan hin jaalanneef, mukni guddaan yoo oobruu keessa jiraate baalaa fi damee isaa irraa hir’isuun barbaachisaa dha.

Haala Naannoo

Haala qilleensaa ho’aa fi gogaa barbaada. Midhaan kan biroo caalaa Albuudaa fi bishaan guddoo

fedha. Lafa bishaan irra hin ciifne filata.

Boqqolloof lafa dansaa filachuun barbaachisaa dha. Biyyoon dadhabaa fi gogaa yoo ta’e xaa’oo itti naquun

barbaachisaa dha. Kosii fayyadamuun biyyoo ni gabbisa akkasumas haala (‘istraakcherii’) biyyoollee ni fooyyessa.

Biyyoo gurraacha (kootichaa) fi Birbooraan (Diimaa fi Gurraacha-makaa) Boqqolloof miijatoo dha

II-2-11

Mata duree Amala Oomishaa akkamitti hojjechuu qabna?

Hojii Agiroonoomii

Yeroon hojjechuun murteessaa dha: Akka yeeroon facaasaa hin dabarre lafa ganna facaasan akkuma midhaan hagayyaa ka’een lafa qopheessuu jalqabuun barbaachisaa dha.

Oobruun qulqulluu ta’uu qaba Baay’ina sanyii faca’uu:25~30kg/ha Midhaan akka dansaa akka guddatuuf sararaan facaasuun

barbaachisaa dha. Yeroo facaasan sanyii lama bool’a tokko keessa buusuun barbaachisaa dha.

Buqqisuu (lamaan keessaa kan dadhabaa ta’e buqqisuu) dorgommii midhaan gidduu hir’isuuf.

Yeroo sadii qotuun, harkaan ‘kotaakotuu’ fi shilshaaloon, babal’ina aramaa, dhukkubaa fi ilbiisaa dhowwuuf ni fayyada. Akkasumas biyyoon akka sirriitti bishaan ofitti fudhatu godha.

Ilbiisota adda addaa, kan akka ‘stoke borer’ balleessuuf, haftee midhaanii kaasuu fi gadi fageessanii qotuu

Sanyii beekamu fayyadamuu fi sanyii caccabaa balleessuu. Akka simbirreen hin nyaanne fi aduun hin arganne sanyii

sirriitti biyyoo uffisuu. Walirraa fageenyi sarara gidduu 0.75 cm midhaan

gidduummoo 0.25 – 0.3 cm ta’uu qaba. “kotaakottuu’ jalqabaa akka midhaan hin miidhamne

harkaan hojjechuu, 2ffaa ykn 3ffaa yeroo hanga jilbaa guddatu shalaashaluu

Aramaa

‘Fincho’, ‘Hidi’, ‘Mogorree’, Parthiniumn gosoota aramaa Godina Booranaa keessatti rakkisoo ta’ani dha. Akka malee babal’achuu danda’ani.

Akka hin babal’anneef aramaa otoo hin darariin balleessuun barbaachisaa dha.

Warra balaa geessisan kan akka paartineemiirraa kan hafe, aramaa buqqifaman faayidaalee akka ‘kompostii hojjechuu’, midhaan jala uffisuuf fayyadamuun dansaa dha.

II-2-12

Mata duree Amala Oomishaa akkamitti hojjechuu qabna? Ilbiisaa fi dhukkuba

http:/ /www.infonet-biovision.org/default/ct/102/pests

Ilbiisota:

Stalk borer (Urtuu jirmaa)

army worm (Hawwaanisa)

Rimmee

Grubs

<Dhukkuboota>

Smut disease

Gray leaf spot

Bacterial blight of maize

Rust (Waagii)

Yeroo midhaan hin jirrellee yoo aramaan bahe balleesuu. Midhaan ofiin biqilellee yoo jiraate aramuu

‘Army wormy’ balleessuuf qorsa fayyadamuu

Oobruu fi naannoo oobruu aramaarraa qulqulleessuu.

Midhaan waljijjiiranii facaasuu (crop rotation)

Oobruu qulqulleessuu

Sanyii filatamaa dafee dhaqqabu fayyadamuu

Yeroo ‘kotaakottaa’ fi aramaa miidhaa midhaan irra ga’u xiqqeessuu.

Haamaa fi haamaa booda

Boqqolloon akkuma bilchaateen (gogeen), yeroo biftisaa magariisarraa gara adiitti jijjiiramu, guuramuu qaba. Koolli sanyii qabate yeroo gadi ciisu, sun mallattoo bilchinaa ti

‘Gootaraa’ olka’aa keessatti kuusuu barbaachisa. Hantuunnii fi bineensonni adda addaa akka hin korre qorqoorroo itti maruun barbaachisaa dha. ‘Gootaraa’ akkasumas midhaan yeroo yerootti qorsi itti naqamuu

Dhahuun adeemsa midhaan muka irraa baasaniifaayidaalee akka nyaachuu, gabaafi akka salphaatti olkaa’uuf qopheessuu ti.

Yeroon guuruu gosa sanyii (maize variety) planted (kan akka malee dafee dhaqqabu, kan dafee dhaqqabu, giddugaleesssa, kan turu) fi itti fayyada (asheeta, gogaa) irratti hundaa’a.

Midhaa akka guurameen mukaan lafa simmitoon hojjetame ykn kan faltii looniin midhaaffamerratti afanii gogsuu. Yeroo midhaan mukaan lafarratti gadhiisani yo midhaan akka salphaatti gadhiise sirriitti goguusaa agarsiisa.

Boqolloon nyaataa bifa adda addaan qophaa’uu ni danda’a. Waaduudhaan, affeeluudhaan fi bifa biraan akkasumas bidhaan dhiin walitti makanii fayyadamuun ni danda’ama.

II-2-13

2.3.2 Xaafii (Eragrostis tef (Zucc.) Trotter: Poaceae family)

Mata duree Amala Oomishaa akkamitti hojjechuu qabna? Haala Biqilichaa

Itiyoophiyaa keessati xaafiin nyaata namaaf oomishama, akkasumas nyaata looniifille ni oola.

Boorana keessatti irra guddaa nyaataaf otoo hin taane gurgurtaaf oomishama.

Hafteen isaa midhaan kamiyyuu caalaa nyaata loonii akka malee dansaa dha jedhamee amanama.

Haala qilleensaa gammoojjii irraa hanga lafa bishaan irra ciisuutti ni madaqa(oomishama). Olka’insa lafaa 1,800 hanga 2,100 masl, Rooba 450 hanga 550 mm fi ho’a (temperature) 10 hanga 27°C keessatti ni oomishama.

Ofiin ofpoolaneessaa dha.

Nyaata namaa callaaf otoo hin taane nyaata beelladaafillee ni oola. Faayidaan xaafii lafti miijataan yoo jiraate xiqqeessanii oomishuun ni danda’ama.

Biyoo sirriitti bulleessanii qopheessuun barbaachisaa dha.

Oomishti dansaan yoo barbaachise; sanyii filatamaa Qorannoo qonnaarraa ykn dhaabbilee dhuunfaa waan kanarratti hojjetan biraa fayyadamuun barbaachisaa dha. Dhaabbilee akkasii keessatti carraan sanyiin walmakuu xiqqaa dha.

Haala Naannoo

Suluula ciisaan filatamaa dha. iSlooppii< 5%, lolaa xiqqeessuuf.

Xaafiin yeroo gabaabaa keessatti waan bilchaatuuf (guyyaa 80-90) akkasumas midhaan dhibii waliin wal bira qabnee yeroo ilaallu xaa’oo xiqqoo waan barbaaduuf lafa xaa’ummaa xiqqaa qaburrattillee oomishuun ni danda’ama.

Haata’u malee oomishtisaa kan lafa gabbataarra ni xiqqaata.

Lafti ciisaa ta’uu qaba.

Gosa biyyoo – Biyyoo biirboorri (makaa diimaa fi gurraachaa) miijataa dha; Biyyoo wayaamallee fayyadamuun ni danda’ama.

Oomishtummaa guddisuuf kosii fayyadamuun barbaachisaa dha, keessumattuu, yoo biyyoo wayaama fayyadamna ta’e.

Xaafiin kan faca’u edda bokkaan lafa jiisee ta’uu qaba.

II-2-14

Mata duree Amala Oomishaa akkamitti hojjechuu qabna?

Hojii Agiroonoomii

Oomishti xaafii naannoo booranaatti hanga ammaa qoratamuu baatullee:

Lafti sirriitti qophaa’uu qaba akkasumas sirriitti bullaa’ee qotamuu qaba.

Sanyii xiqqeessuun midhaan hammeessaa akkasumas gobbisuunillee waldorgommii midhaan gidduu guddisa, lachuu oomisha ni xiqqeessu.

Oomishti xaafiin aramaadhaan akka malee ni miidhama. Keessumattuu aramaa gosa margaa.

Lafa sirriitti qulqulleesuu fi qotuun barbaachisaa dha, yoo xiqqaate 3-5.

Hanga sanyii (blanket):25kg/ha.

Walqixxeessanii facaasuuf ashawaan makanii kallattii qilleensaatiin facaasuu barbaachisa.

Yeroo faca’u gadi fagaachhuu hin qabu ykn irrakeessa faca’uu qaba.

Sararaan facaasuun ni danda’ama 20 ch x 20 cm.

Aramaa, Ilbiisaa fi

Dhukkuba

Xaafiin ilbiisotaa fi dhukkuboota adda addaatiin miidhamuu ni danda’a, haata’u malee hanga ammaatti boorana keessatti Ilbiisi fi dhukkubni xaafii adda hin baafamne

Hawwaanisni, Korophisni, ‘Fincho’, ‘Hidi’, ‘Mogorree’, Parthiniumn rakkina guddaa dha. Akka malee babal’achuu danda’ani

Dhukkuba, Waagiin Boorana keessa bal’inaan ni jira..

Otoo aramaan daraaree sanyii hin buufatiin yeroo yeroon aramuun barbaachisaa dha. Xaafii harkaan aramuun rakkisaa waan ta’eef, farra aramaa 2,4-D akka barbaachisummaasaatti fayyadamuun barbaachisaa dha.

Haala aramaa fi ilbiisaa yeroo yeroon hordofuun barbaachisaa dha.

Paartiniyeemiirraa kan hafe, faayidaalee biroo kan akka kompostii hojjechuuf oolchuu barbaachisa.

II-2-15

Mata duree Amala Oomishaa akkamitti hojjechuu qabna?

Harvest and Post-harvest

http://commons.wikimedia.org/wiki/File:The_Teff_Harvest,_Northern_Ethiopia_(3131617016).jpg

(1) Haamuun harkaan guyyaa 90 booda godhamuu ni danda’a.

(2) Dhahuun harkaan ykn looniin godhamuu ni danda’a

(3) Hafteen isaa yeroo bonaa loon nyaachisuuf olkaa’ama

(4) Oomishti dafee nyaatama, dafee gurgurama ykn ni kuufama. Otoo hin kuusiin dura midhaan sirriitti goguu qaba.

Yeroo bilchaatu (gogu) dafee haamamuu qaba. Yeroo biftisaa gara adiitti jijjiiramu. Haauuf haamtuu fayyadamuun barbaachisaa dha.

Xaafiin midhaan gurguddaa biro caalaa kuufamee yeroo dheeraa turuu ni danda’a.

Qulqulleessun (afarsuun) beekumsa ogummaa addaa barbaada.

Sanyii bakka qabbanaa’aa fi qilleensa hin galchinetti kuusaa

Processing for food and forage

Xaafiin boorana keessatti irra guddaa gabaaf oomishama.

Xaafiin hafteen isaallee ni gurgurama, Ji’a bitootessaa keessa lafa (100*50*50cm3) irraa Birrii 70-80 gurguramuu ni danda’a.

‘Silage’ hojjetanii loon ofiif fayyadamuu ykn gurguruun ni danda’ama.

Godina Booranaa keessaa taltalleen oomisha xaafiitiin baay’ee beekamtuu dha.

Xaafiin nyaata giddugala itoophiyaa keessatti beekamu, buddeena hojjechuuf oola.

Gabaaf, sanyiin oomisha guddaa kennuu fi malli qonnaa ammayyaa barbaachisaa dha.

II-2-16

2.3.3 Halquuqaa (Phaseolus vulgaris.L: Leguminous family)

Mata duree Amala Oomishaa akkamitti hojjechuu qabna?

Haala Biqilichaa

Midhaan yeroo gabaabaa keessatti bilchaatu

Ofiin of poolaneessa

Naayitroojiinii qilleensa keessaa fudhatee nyaata godhachuu ni danda’a, haata’u malee deddeebisanii facaasuun gabbina biyyoo ni hir’isa.

Ilbiisaa fi dhukkuba hin dandamatu.

Jijjiiranii facaasuu (crop rotation) fi walkeessa facaasuun (intercropping) halquuqaa callaaf otoo hin taane midhaanota akka boqollo fi bishinggaalleef dansaa dha.

Midhaan tokko facaasuuf waggaa 2~4 kennuu barbaachisa.

Sanyii halquuqaa takkaa argannaan walitti makuu yoo dhowwan waggaa dheeraaf itti fayyadamuun ni danda’ama.

Ilbiisaa fi dhukkuba mala aadaa fi karaa ;biology’tiin ofirraa ittisuu barbaachisa.

Haala Naannoo

Qilleensa ho’aa jaalata akkasumas haqina roobaa ni dandamata.

Lafti lolaa itti jallisuuf miijataa ta’e (Galcha) filatamaa dha.

Lafti gabbataan filatamaa dha garuu akka male gbbataas ta’uu hin qabu.

Halquuqaan gaaddisa hin danda’u

Biyyoo kootichaa (Black soil) and Birborri (Red black soil) halquuqaaf filatamoo dha. Garuu, dafeen waan dhaqqabuuf halquuqaan biyyoo wayaama, kan dandeettiin bishaan qabachuusaa xiqqaa ta’errattillee ni oomishama.

Gaaddisa guddaa dhowwuuf mukti guddaan yoo oobruu keessa jiraate baalaa fi damesaa irraa hir’isuu barbaachisa.

II-2-17

Mata duree Amala Oomishaa akkamitti hojjechuu qabna?

Hojii Agiroonoomii

Lafa qulqulleessun barbaachisaa dha: Ilbiisnii fi dhukkuboonni halquuqaa miidhan biyyoo keesa jiraachuu ni danda’u.

Xaa’oo guddaa itti naquu hin barbaachisu, Haata’u malee xaa’oon oomisha ni dabala.

Biyyoo bullaa’aa’irra faca’uu filata

Hangi sanyii: tilmaamaan.15kg/ha

Midhaanichi akka dansaa akka guddatuuf sararaan facaasuun gaarii dha. Sanyii xiqqeessanii facaasuun kunuunsa midhaanii, oomishtummaa guddisuuf fi kkf barbaachisaa dha.

‘kotaakkotuu’ fi aramuun barbaachisaa dha. Halquuqaan akka malee aramaa jibba.

Halquuqaa walirraa fageenya barbaachisaarratti facaasuu;midhaan gidduu 10 cm, sarara gidduu immoo 40 cm walirraa fageessuun barbaachisaa dha.

Oobruun Halquuqaa fi naannoo isaa sirriitti qulqullaa’uu qaba.

Midhaan akka dansaa akka biqilu fi akka jabaatu biyyoo sirriitti laaffisanii qotuun barbaachisaa dha.

Walirraa fageenya: sarara gidduu 40cm midhaan gidduummoo 10 cm walirraa fagaachuu barbaachisa.

Sababa miidhaa adda addaatiin gogaan facaasuun dandeettii biqiluu ni hir’isa, biqilaan dadhabaa ta’a akkasumas aramaan itti baay’ata KKF.

Aramuu fi ‘kotaakkotuun’ faca’ee turban sadii booda ni jalqaba

Shilshaaloollee gochuun ni danda’ama akkasumas yoo sanyiin sararaan kan fac’e ta’e yeroo midhaan reefu biqilu haphisuun ni danda’ama.

Aramaa

‘Fincho’, ‘Hidi’, ‘Mogorree’, Parthinium akka malee rakkisoo dha. Akka malee babal’atani

Otoo hi daraariin balleessuu yaaluu.

Paartiniyeemiirraa kan hafe, faayidaalee biro kan akka kompostii hojjechuufaaf oolchuu barbaachisa

II-2-18

Mata duree Amala Oomishaa akkamitti hojjechuu qabna?

Ilbiisaa fi dhukkuba

Halquuqaan Ilbiisotaa fi dhukkuboota adda addaatiin ni miidhama. Baay’een isaanii hanga yoonaa adda hin bane.

FKN. pod borer

Haala aramaa fi ilbiisaa yeroo yeroon hordofuun barbaachisaa dha.

Sanyii filatamaa dhukkuba dandamachuu danda’an fayyadamuu fi mala qonaa gaarii kan akka jijjiiranii facaasuu, lafa sirriitti qopheessuu, oobruu aramaarraa qulqulleessuu ilbiisaa fi dhukkuba ittisuun ni danda’ama.

Qorsi kan akka farra ilbiisaa, farra fangasii fi farra aramaa filannoo dhumaa ta’uu qaba

Haamuu fi haamuu booda

Guuruun yeroo bilchaatu ykn gogu ta’uu qaba, yeroo isaan bifa jijjiirratan.

Yeroo dhahamu kan sanyiif ooluuf of’eeggannoo gochuun barbaachisaa dha.

Kan dafnee itti fayyadamnuu fi kan dafnee gurgurrurraa hafee kan kuufamu sirriitti goguu qaba.

Midhaan kuufamarratti baduun rakkoolee oomisha midhaanii keessaa is tokko. Daanoon uummata gar-tokkoon qonnaan bulaa biratti akka rakkoo guddaatti ka’a.

Halquuqaan namaan ykn sagaan irra deemsisuun dhahama

Bakka qabbanaa’aa fi qilleensa hin galchine kuufamuu qaba

Halquuqaan yoo bakka qabbanaa’aa hin kuufamiin umuriin turuusaa gabaabaa dha.

Qorsa kan fayyadaman yoo ta’e qajeelfama meeshaa qorsaarra jira hordofuub barbaachisaa dha. Kuusaan (gootaraan) qilleensa argachuu qaba.

Balaa ilbiisota kuusaa keessaatiin dhufu; xaafii waliin makanii kuusuun, baala ykn midhaan ‘niimii’ fayyadamuun fi kuusaa qulqulleessuudhaan hir’isuun ni danda’ama

Kuusaa qulqulleessuu fi midhaan haaraan midhaa bara darbee waliin akka walitti hin makamne gochuu.

Yeroo dheeraaf kan kuufamu yoo ta’e qorsa fayyadamuu.

II-2-19

2.4 Mala qonnaa filatamaa 2.4.1 Lafa qopheessuu fi qotuu

Mata duree Ibsa Yaada

Lafa filachuu

Yeroo lafti qonnaa filatamu kanneen armaan gadiirratti hundaa’uun barbaachisaa dha.

Gosa biyyoo: midhaan facaafamurratti hundaa’a

Taa’umsa lafaa: Lafti ciisaan filatamaa dha.

Bishaan jiraachuu: Jallisiidhaaf laga ykn haroo bira ta’uu qaba

Fageenya gabaa: gabaatti dhiyoo yoo ta’e filatamaa dha.

Fageenya Ollaarraa: Ollaatti dhiyoo yoo ta’e filatamaa dha.

Mala qonnaa hundaafuu biyyoon magaalli (birboora) kan walnyaate silty soil) filatamaa dha. Haata’u malee bishaanii ‘istraakcheriin’ eegumsa biyyoo yoo hojjetame lafa tarbeellee fayyadamuun ni danda’ama.

Lafa qulqulleessuu fi dallaa itti ijaaruu

1) Micireewwan oobruu keessaa ciramuu malan adda baasuu .

2) Micireewwan faayidaa hin qabnee fi aramaawwan balleessuu (buqqisuu)

3) Mukoota qoraattii qaban barbaadanii ittiin dallaa oobruutti ijaaruu.

Otoo hin qotiin dura daaraan mukoota akka xaa’oo uumamaatti naqamuu qabu, garuu daaraa biqiltoota aramaa hamaa ta’anii kan akka Parthenium hysterophorus lafa oobruutti naqamuu hin qabanu.

Mukkeen faayidaa qabeeyyiin (leguminous trees species) kan akka Acacia tortorse ykn Acacia albida midhaan oomishuuf faayidaalee kan akka qilleensa ittisuuf, nyaata horiif, xaawulaa hojjechuu akkasumas biyyoo gabbisuuf (nitrogen fixation) ni fayyadu.

Akka malee baallisaa gobbataa taanaan garuu irraa hir’isuu barbaachisa.

Akkaataa itti qotan

Horiin qotuun boorana keessatti filatamaa dha.

Biyyoon suphee yoo goge qotuuf rakkisaa dha. Kanaaf, yeroo bokkaan jalqabaa lafa jiisu qotuu barbaachisa

Citaan/ kutaan qotamu, falirraa fageenya sarara midhaan sun ittiin faca’u irratti nhundaa’a, waliigalaan 75 cm ni ta’a.

Biyyoo laafaa jambee fayyadamuun harkaan qotuun ni danda’ama. Haa ta’u malee gartokkeen qotee bulaan tokko tokko sangaa dhabuurraa ykn meeshaa dhabuurraa kan ka’e harkaan qotu.

Yoo b iyyoon salphaa ta’e, yoo maarashaan qal’aa ta’e fi yoo biyyoon gadi fageenya hin qabaanne sangaa ykn harree fayyadamuun ni danda’ama.

II-2-20

2.4.2 Bishaan cimmisuu

Mata duree Ibsa Yaada

Daagaa hidhamaa (Tie ridges)

Olka’insi daagaa 15-20 cm, gadi fageenyi boyii 20-30cm.

Yeroo ijaaraman dalga kallattii boyiitiin boyiilee lamaan gidduutti hojjetamu.

Fageenyi gidduu daagaa (dheerinni hidhaa) 1m -10m ta’uu ni danda’a.

Islooppiin yeroo olka’aa deemu, roobni ni guddata dandeettiin bishaan qabachuu lafaa ni xiqqaata.

Walirraa fageenyi daagaa fi dheerinni hidhaa haala islooppii lafaa, hanga roobaa fi dandeettii bishaan qabachuu biyyoorratti hundaa’a.

Akkaataa itti fayyadamaarratti leenjii fi agarsiisni barbaachisaa dha.

Source: Lakew D. et.al., 2005, Community-based Participatory Watershed Development: A Guidline, MoARD, Addis Ababa

Bool’a biqilaa (Zai)

Boolli biqiltuu bishaan akka ofkeessatti qabatuuf lafa dandeettiin bishaan of keessa dabrsuu isaa xiqqaa ta’erratti (low permeability) hojjetama.

Boolli biqiltuu, kan qotaman bishaan qabanii biqilaan suuta akka itti fayyadamuufi. Yeroo hundaa xaa’oon uumamaa bifa composttii ykn biqilaa adda addaatiin itti naqama.

Midhaan waggaa (perennial) fi midhaan ji’aa (annual), FKN Bishingaa, Boqolloo, Daagussaa, Coe pean, Mixaaxishaa, ocholoonii fi muuzii ni ta’u.

“Zai’n tilmaamaan walirraa fageenya 80 cm fi gadifageenya 5 cm hanga 15 cm, diyametrii 15 cm to 50 cm, haa ta’u malee bool’i biqilaa guguddaa ta’e walirraa fageenya adda addaatiin ni argama.

Source: Rainwater Harvesting Handbook, AfDB,

Walakkaan geengoo

Daagaa lafaa boca walakkaan geengoo kan fiixeen dalgee lafaan walitti ejju.

Lafa marraa deebisanii facaasuuf fi lafa qunca’erratti margaa fi muka dhaabuuf ni fayyada.

Qonna bal’aaf hin ta’u, kanaaf lafa huna namaan hojjetamu duwwaaf ta’a.

Source: Will C. and Klaus S., 1991, Water Harvesting, FAO, Rome. http://www.fao.org/docrep/U3160E/u3160e00.htm

II-2-21

2.4.3 Xaa’oo

Mata duree Ibsa Yaada

xaa’oon maali?

Xaa’oon nyaata midhaaniiti. Midhaanonni nyaata keessumattuu kan akkaa; nitrogen (N), phosphorus (P), and potassium (K) guddina midhaaniif akka malee barbaachisu. NPKn midhaaniif qabiyyee sirrii ta’een dhiyaachuu qaba.

Xaa’oon kan ‘organic’ ykn kan ‘organi’ hin ta’iin kan uumamaa ykn kan namni hojjete ta’’uu ni danada’a.

Xaa’oon yeroo facaasuu naqamu ;basal dressing’ jedhama, kan edda midhaan guddatee naqamummoo ‘top dressing’ jedhama

Organic fertilizer

Xaa’oon uumamaa (kosiin) xaa’oo rakasaa kan akka dikee (FYM) fi kompostii haftee adda addaa walitti makuun hojjetamu dha.

Dikee (Farm Yard Manure): dikeen walitti makaa faltii fi fincaan loonii akkasumas baala fi haftee midhaan fi nyaata loonii adda addaa irraa kan hojjetamu dha. Torbanoota/ ji’oota dheeraa booda dikeen irra deddeebi’anii qotuudhaan biyyoo waiin walitti ni makama.

Kompostii: Kompostii jechuun yeroo balfaa biqiltootaa fi beelladootaa lubbuu qabeeyyii xixiqqootiin bakka qilleensi jirutti walfakkaatee qophaa’ee kan biyyootti naqamu dha. Karaa gurguddaa lamaan qophaa’a; Bool’a keessa (pit method)- yeroo kompostiin bool’a keessatti qophaa’u fi lafaa olitti (piling method) – haala qopheessa kompostii lafaa olitti.

Yeroon hanga kompostii midhaassanii hanga walmakee faayidaaf qophaa’uutti fudhatu gosa beelladaarratti hundaa’a. yeroo biyyoon jiidhaa hangi nam’uu qabu 8-10 tones/ha.

Chemical fertilizer

Xaa’ooleen keemikaala gosa lamatu urea fi DAP (diammonium phosphate)n faayidaarra ooluun beekamu. Isaanis akka armaan gadiitti faayidaarra oolu:

<Urea> 46-0-0: Qabiyyee waliigalaa keessaa harka 46 (46%) qabata.

<DAP> 18-46-0: qabiyyee waliigalaa keessaa 18% N fi 46 % Phophate (P2O5) qabata.

Hanga xaa’oo keemikaala midhaanota adda addaaf;

Urea DAP

Boqolloo 100 kg/ha 100 kg/ha

Xaafii 100 kg/ha 80~90kg/ha

Naayitiroojiiniin (N) lamatti qoodamee nam’uu qaba; walakkaan yeroo facaassaa walakkaan immoo tilmaamaan midhaan faca’ee ji’a tokko booda

Naannoo Booranaatti xaa’oon keemikaala wajira horsiisee bulaarraa ykn waldalee hojii qonnaarratti hojjetanirraa bituun ni danda’ama.

II-2-22

2.4.4 Dhaabuu / facaasuu

Mata duree Ibsa Yaada

Bittinneessanii facaasuu

Oobruu keessa olii fi gadi deemaa kan darbatani dha. Boorana keessatti mala facaasaa beekamaa dha.

Malli kun hojjechuuf salphaa. Haa ta’u malee biqiltuu baay’eetu yeroo shilshaaloo miidhama. Sanyiin baay’een baduu ni danda’a. sababiin isaas sirriitti biyyoo uffachuu waan dhabuuf simphirreen nyaachuu ni dandeessi. Midhaan kunuunsuu kan akka aramuu, jallisii fi guuruuf rakkisaa dha.

Sararaan facaasuu

Sarara qajeelee ba’e keessa walirraa fageenya walfakkaataa ta’een (regular spacing) buusuu. Sararaan facaasuu fi walirraa fagageenya midhaanii haadaan milikkita gochuun ni danda’ama ykn bakkasaa meeshaa qonnaatiin gadi qotuun ni danad’ama. Sararaan facaasuun yeroo sangaadhaan midhaan gidduu qotanii aramanii fi b’oo (ridge) basuuf barbaachisaa dha.

Malli kun keessumattuu Boqqolloo fi Bishingaa akka malee barbaachisaa dha. Biyyoo kunuunsuuf Halquuqaafillee barbaachisaa dha.

Sararaan facaasuun midhaan kunuunsuu kan akka aramuu, jallisii, midhaan giduu qotuu (shilshaaloof) fi KKFf miijataa dha.

Boqolloo, Bishingaa fi Halquuqaan sararaan facaasuuf mijatoo dha.

Bool’a keessa facaasuu

Sarara qajeelee ba’e keessa walirraa fageenya walfakkaataa ta’een (regular spacing) buusuu. Sararaan facaasuu fi walirraa fagageenya midhaanii haadaan milikkita gochuun ni danda’ama ykn bakkasaa meeshaa qonnaatiin gadi qotuun ni danad’ama. Sararaan facaasuun yeroo sangaadhaan midhaan gidduu qotanii aramanii fi b’oo (ridge) basuuf barbaachisaa dha.

Malli kun keessumattuu Boqqolloo fi Bishingaa akka malee barbaachisaa dha. Biyyoo kunuunsuuf Halquuqaafillee barbaachisaa dha.

Sararaan facaasuun midhaan kunuunsuu kan akka aramuu, jallisii, midhaan giduu qotuu (shilshaaloof) fi KKFf miijataa dha.

II-2-23

2.4.5 Kunuunsa biqiltuu

Mata duree Ibsa Yaada

Aramuu

Aramaan torban 2-3 booda harkaan, jambeen ykn haamtuu fi KKFn jalqabamuu qaba. Aramaan hojii ulfaataa ta’ullee, oomisha dansaa argachuuf aramuun barbaachisaa dha. Aramaa lafarraa hir’isuuf yeroo aramaan aramamuu qabu beekuun barbaachisaa dha. Aramaa otoo hin daraariin dura aramuun aramaa balleessuf barbaachisaa dha.

Qorsa aramaa fayyadamuun ariifataa fi salphaa dha, biyyoolleen akka hin jeeqamne ni fayyada. Boorana keessatti 2-4D xaafiif itti fayyadamuun kan baratame dha.

Qorsa seeraan qabachuun, bishaaniin makanii fayyadamuun, hanga sirrii ta’e (appropriate rate) fayyadamuun barbaachisaa dha.

Midhaan akka haamameen fi yeroo bonaa aramaa haamanii balleessuun akka sanyii hin harcaafanne fayyada.

‘Kotaakkotuu’/Shooggaruu

Shooggaruun midhaan dhaabbatee jiru gidduu qotuu dha. Fkn. Haphisuu (thinning), aramuu fi bishaan akka qabatu gochuu. Maloota lama qaba.

Harkaan shooggaruu:

Kana jechuun biyyoon akka bishaan ofitti fudhatuu fi bishaan hurkaan akka hin banne biyyoo laaffisuu dha.

Shilshaaloo:

Kuni midhaa (Boqqolloon) akka hin miidhamne hanga jilba namaa calla guddatu kan raawwatu dha. Shilshaaloon midhaan keessa qotuu kan dhumaa ti. Aramaa buqqisuu fi lafa jabaate laaffisuudhaan dhiibbaa aramaa ni xiqqeessa. Midhaan gobbate haphisuu fi aramuufillee faayidaa guddaa qaba.

Miidhaan shilshaaloo, shooggaruurraa kan adda isa godhu biqiltuu jabaa fi dadhabaa filachuun hin danda’amu.

Haphisuu (Thinning)

Yoo midhaan walitti gobbate waldorgommii gidduu isaanii hir’isuuf (Boqqolloo, mishingaa fi Halquuqaa) hangi ta’e keessaa buqqisamuu qaba. Haphisuun kan godhamu midhaan akka biqileeni.

*Balleessuu (Rouging): Jechuun midhaan ykn biqiltuu dansaa hin ta’iin balleessuu jechuu dha. Kuni kan ta’u ijaan ilaaluudhaan ykn garaagarummaa bilchinaa KKF ilaaluudhaani. Yeroo baay’ee kun kan hojjetamu yeroo daraaraa fi bilchinaa ti, Qamadii fi Garbuudhaaf.

II-2-24

Mata duree Ibsa Yaada Miidhaa Ilbiisotaa

Miidhaan pestootaa midhaanirratti irra guddaa ilbiisotaan, ‘mites’, ‘nematodes fi hoosiftootaani.

Miidhaa ilbiisaa salphaatti adda baasuun ni danda’ama: baalli u’urachuun ykn bakki tokko tokko nyaatamanii baduun mallattoo ‘caterpillars’ ti; Baalli midhaanii dadacha’uun immoo ‘aphid’n kan xuuxxe ta’uusaa ti. Midhaan muduraarra dhaqqabu kan akka tortorsuu yeroo baay’ee kan mudatu yoo laarvaa ‘fruit flies’ yeroo nyaatamu dha. Biqiltoonni akka malee miidhamuun laarvaa ‘noctuid’ ykn ‘stoke boer’n ta’uu ni danda’a; akkasumas mukti ykn dameen u’urachuun ilbiiisota muka nyaataniin ta’uu ni danda’a.

Mites and Nematodes warri kun uumamaalee xixiqqoo kan ijaan hin mul’anne dha. ‘Mites’ kun biqiltoota, baala, firii (fruit) nyaachuun gara bifa keellootti (yeloow) ni jijjiiru. ‘Nematode’ irra guddaa hidda midhaanii kan miidhan yoo ta’u gara bifa keellootti jijjiiranii achii cooligsuun midhaan ajjeesu. Hoosiftoota (Mammals) Kan akka jaldeessa fi simbirroonni adda addaa kan akka ‘sparrows’, starlings fi

crows midhaan miidhuu ni danda’u.

Ref.: FiBL, African Organic Agriculture Manual Booklet Series, No. 8 Ittisa ilbiisaa fi dhukkubaa http://www.organic-africa.net/filead

min/documents-africamanual/traini

ng-manual/chapter-04/Africa_Book

let_8-low-res.pdf

Miidhaa dhukkubaa

Dhukkuboonni midhaanii irra guddaan fangasii, baakteeriyaa fi vaayirasii irraa kan ka’ani.

Fangasiin sadarkaa ol’aanaatti miidhaa gudda dhukkuboota daddarbanii midhaanirra dhaqqabsa. Dhukkuboota kan akka spotting, cankering, blighting, wilting, scabbing fi rotting ka’umsi isaani. Fangasiin qaama midhaanii gartokko ykn guutummaa midhaanichaa cooligsanii ni ajjeesu.

Miidhaan baakteeriyaa, seelii (Cellwall) midhaanii nyaatee tortorsa. Midhaan karaa kanaa ‘tissue’ midhaaniirra dhaqqabu biqilaan bishaan lafa keessaa akka hin fudhanne godha. Akkasumas ‘tissue’n sun akka dhiita’u godha.

Vaayirasiin yeroo baay’ee baallii fi qaamni magariisaa midhaanii akka bifti jijjiiramu godha. Waan akka bifa daalachaa fi keelloo bocaa fi guddina (size) adda addaatiin baala midhaanirratti mul’ata, midhaanillee akka sirriitti hin guddanne godha.

Ditto

1) Kunuunsa biyyoo fi midhaanii: gabbina biyyoo fooyyessuu, farreen midhaanii xiqqeessuuf jijjiiranii facaasuu fi kkf.

2) Oobruu kunuunsuu (Habitat management): Naanoo oobruu biqiltoota uumamaa kan farreen midhaanii ofitti harkisan facaasuu, akka farreen midhaaniif dahoo hintaane aramaa keessaa baasuudhaan qulqullina oobruu eeguu.

3) Kallattiin ittisuu: Farreen ilbiisotaa kan mirkanaa’an, farreen fangasii kan uumamaa ykn albuudota kan akka cuunfaa biqiltootaa fi zayitii fayyadamuu.

Ditto

Qorsaalee boorana keessatti argaman: Lathine, Dursban,. Qorsaaleen kun yeroo dhibeen akka malee hammaatu akka filannoo dhumaatti fayyaduu qaban.

Patched leaves due to virus attack

Blight due to fungal infection

Patches due to bacterial infection

Rotting due to fungal infection

Withering due to fungal infection

II-2-25

2.4.6 Midhaan dhahanii olkaa’uu

Mata duree Ibsa Yaada Yeroo haamaa/ guuraa

Midhaan yeroo inni sirriitti bilchaatee gogu haamuun/ guuruun barbaachisaa dha. Dursanii akkasuma duuba buusanii haamuun/ guuruun baay’inaa fi qulqullina midhaaniirratti dhiibbaa guddaa qaba. Midhaan muduraa tokko tokko kan akka timaatimaafaa yoo gabaa fagootti waan geessaman taate otoo hin bilchaatiin dursanii guuruun barbaachisaa dha. Yerro guuran oomisha akka hin balleesine (hir’ifne) of’eeggannoo gochuun baay’ee barbaachisaa dha. Yeroon guuran midhaanii gara midhaaniitii garaagarummaa qaba. Tokkoon tokkoon midhaanii mallattoolee adda addaa qabu. Boqqolloo fi halquuqaaf qeensaan waraananii ykn ciniinanii ilaaluun hagam akka jiidhinsa qaban ilaaluuf nama gargaara.

Booranatti midhaan harkaan waan dhahaniif midhaan baduun baay’ee xiqqaa dha.

Ref: Soniia David(CIAT), oomisha sanyii midhaan dheedhii: kitaaba gurgurtaa –oomisha midhaan dheedhii

Gogsuu fi guuruu

Boorana keessatti midhaan edda turban hedduuf oobruuratti gogee booda, haamuun haamtuudhaan ni raawwatama. Haatu’u malee akkuma midhaanii fi gur’uun bilchaateen haamanii manarratti ykn lafarratti shara afuudhaan irratti gogsuun ni danda’ama.

Haaluma kamiinuuu midhaan otoo hin kuufamiin ykn faayidaarra hin ooliin sirriitti goguu qaba. Kun midhaan yeroo kuufamu raammoo dhukkubaan akka hin miidhamne gargaara.

Itti fayyadama haftee midhaanii

Yeroo midhaan haaman hafteen midhaanii akka uffiftuu (mulch) oobruu irratti hafuusaa mirkaneessuun barbaachisaa dha. Midhaanota akka boqqolloo fi midhaan dhedheeroo akka suufii haamtuudhaan lafarraa ol 20 cm hidda lafa keessatti dhiisanii kutuun barbaachisaa dha. Hundeen midhaanii dullachi akkaataa biyyoo (soil structure) fooyyesuuf ni fayyada, kan lafaa olitti hafummoo eessa akka qorsa aramaa naqnuu fi eessatti akka midhaa itti aanu facaafnu beekuuf nu fayyada. Haftee midhaanii cite hafe sara gidduu kallattii sararaatiin naquu barbaachisa. Sababiin isaas sararri dalga waan ta’eef uwwiftuun (mulch)n kun lolaa dhowwuuf ni gargaara.

II-2-26

Mata duree Ibsa Yaada Dhahuu, keeshaatti naquu fi

geejjibuu

Yeroo dhahuu midhaan akka hin miine of’eeggannoo gochuun barbaachisaa dha. Midhaan qulqulluu argachuuf lafti irratti dhahan qulqullaa’uu qaba. Lafa gammoojjii booranaa keessatti haalli itti dhahanii fi afarsani baay’inaa fi qulqullina midhaanii ni hir’isaa, kanaaf xiyyeeffannoo brabaada.

Waa’ee baduu midhaanii yeroo keeshaatti naqanii fi geejjibaniillee of’eeggannoo gochuun barbaachisaa dha. Meeshaan itti naqan jabaataa fi kan yeroo geejjiban hin cinne ta’uu qaba Boorana keessatti geejibaaf harree fayyadamani.

Midhaan yoo keeshaa ykn meeshaa pilastikiitiin waan olkeessu taate, dursii qorsa itti naqi.

Warra midhaan balleessanirraa

midhaan eeguu

Midhaanonni ykn sanyiin kuufaman kuufaman ilbiisota adda addaa kan akka fangasii, baakteeriyaa, ‘arthropods’, hantuutaa simbirroon midhamuu ni danda’u.

Hangi badu ragaadhaan beekamuu baatullee, akka odeeffannoo afaanii argameetti, ilbiisonni kan akka daanoo (weevils-sitophilus spp., billaacha (moth-sitotroga cerealella) hantuutatti aananii warra akka malee midhaan balleessani dha. Akka ijaan agarrettii gar-tokkeen qonnaan bulaan midhaan isaanii gootaraa yeroo gabaabaa ykn immoo keeshaa laastikiitiin olkaayyatu (kuufatu).

Ilbiisa ofirraa dhowwuuf farra aramaa laabiraatooriidhaan mirkanaa’e fayyadamuun barbaachisaa dha. Qorsa kana harkaan, sibiila dheeraadhaan ykn meeshhaa simmintoo walitti makuun midhaan waliin walitti makuun ni danda’ama

Kuusuu

Sanyiin ykn midhaan waliigalaa yeroo kuufamu qabiyyeen jiidhinsa isaa akkuma gosa midhaanotaattii adda adda ta’uu qaba. Kanaaf, otoo hin kuusiin dura qabiyyeen jiidhinsaa gara pereseentii barbaachisu sanatti gadi hir’achuu qaba.

Hantuutni rakkoo guddaa ta’uu ni danda’a. midhaan ni nyaatu akkasumas fincaan isaaniitiin ni balleessu. Akka isaan gara kuusaa midhaaniitti hin dhiyaanne dhowwuun baay’ee barbaachisaa dha. Gingilchaa sibiilaa (mesh wire) fayyadamanii afaan kuusaa (gootaraa) cufuun akkasumas miilla kuusaarratti qorqoorroo hidhuu akka kuusaa hin seenne gochuun barbaachisaa dha. Qorsa fayyadamuun barbaachisaa dha. Qaxurreenillee hantuuta to’achuuf ni fayyaddi.

Otoo hin kuusiin ykn itti fayyadamuu hin jalqabiin midhaan sirriitti gogsuu barbaachisa. Jiidhinsi isaa 12.5 % gadi ta’uu qaba. Kun yeroo kuusaa ilbiisonnii fi dhukkubni akka hin mine gargaara.

II-2-27

2.5 Mala oomisha midhanii ( Cropping System) 2.5.1 Midhaan jijjiiranii facaasuu (Crop rotation)

Mata duree Ibsa Yaada Midhaan jijjiiranii facaasuun

maali?

Kana jechuun, gosoota midhaanii lafa tokkorrattin faca’an waqtii waqtiin ykn waggaa waggaan jijjiiranii facaasuu jechuu dha (Bulchuu). Faayidaalee midhaan jijjiiraniii facaasuu:

-Haala biyyoo(soil structure) fooyyessee xaa’oof bishaan akka ofkeessatti qabatu godha.

-Gabbinni biyyoo akka dabalu: midhaan dheedhiin (legumes) naayitiroojiinii qilleensa keessa qabatanii nyaata midhaanii qopheessuu

-Aramaa, ilbiisotaa fi dhukkuba to’achuuf.

-Balaa caamaa hir’isuuf; midhaan gosa adda addaa facaasuun balaa kanarraa dandamachiisa.

Ilbiisonni fi dhukkuboonni tokko tokko karaa haftee midhaanii midhaan tokko irraa gara midhaan biraatti akka salphaatti faca’uu ni danda’u.

Bakka kun rakkoo ta’etti midhaan walitti qindeessanii (jijjiiranii) facaasuu dhiisuu wayya.

Midhaanota sirrii filachuu

Midhaanonni adda addaa amala hidda adda addaa qabu

Qabxiilee irratti xiyyeefatamuu qaban;

Midhaanii fi gosa sanyii amala ati barbaaddu qaban filadhu. Sanyii sirrii argachuukee mirkaneeffadhu.

Yoo sanyii sirrii argatte, sanyii gara fuulduraatti facaaftullee oomishachuuf itti herregi.

Haala oomishaa amma itti fayyadamtu jijjiiruu yoo dandeessa ta’e ilaali. Mala qonnaa duraan jiru fayyadamuun, mala haaraarra salphaa dha.

Midhaan yeroo baay’ee oobruukeerra facaaftu jijjiiruu yaali. FKN. Yoo yeroo bay’ee Boqqolloo facaafta ta’e, bara itti aanu Bishingaa facaasuu yaali. Yoo lafa oobruu hedduu qabaatte, tokkoo tokkoo isaaniirratti midhaanota adda addaa facaasuu ni dandeessa.

Yoo itti fufinsaan midhaan dheedhii fayyadamta ta’e, dhukkuba biyyoo dhaqqabsiisuu danda’a.

http://www.fao.org/ag/ca/AfricaTrainingManualCD/PDF%20Files/06CROP1.PDF

Fakeenya oobruu tokko irratti midhaan jijjiiranii facaasuu

<Waggaa 1ffaa>

-Ganna: Boqolloo kan hiddi gadi fagaatu.

-Hagayya/Arfaasaa: Halquuqaa kand hiddi isaa gadi hin fagaanne akkasumas naayitroojiinii qabatee nyaatatti jijiiruu danda’a.

<Waggaa 2 ffaa>

-Ganna: midhaanota hundeen isaanii nyaatamu kamiyyuu (Any root crop) (Maxaaxisha, qullubbii) facaasuu akka malee gorfama. Ykn Boqqolloo ykn Bishingaa facaasuun ni danda’ama.

Akka haala qabatamaa naannoo keessaniitti midhaanota akka kanaa walitti qindaa’uu danda’an argachuun rakkisaa ta’uu ni danda’a. fedhii gartokkeen qonnaan bulaa irratti hudaa’uudhaan Hojjettoonni misoomaa midhaanota walitti qidaa’uu danda’an lafa qotee bulaa ykn nama fedhii qabuu irratti otoo yaalanii. Ulfaataa ta’uu ni danda’a.

II-2-28

2.5.2 Mala qonnaa kan bira

Mata duree Ibsa Yaada

Walkeessa facaasuu

Kana jechuun yeroo tokkotti midhaanota lama ykn isaa ol lafa tokkorratti oomishuu jechuu dha. Kana karaa adda addaa hojjechuun ni danda’ama.

Walkeessa makanii facaasuu (Mixed intercropping): Sanyii midhaanota lachuu sarara tokko malee bittinneessanii facaasuu jechuu dha. Hojjechuuf salphaa dha. Garuu, aramuu, xaa’oo itti naquu fi haamuu (guuruuf) rakkisaa dha. Walitti dhiyaatanii waan biqilaniif midhaan gidduutti waldorgommii guddaa uuma.

Sararaan facaasuu: midhaan guddaa (main crop) sararaan facaasanii kan biraa immoo sarara gidduu bittinneessuu. Ykn midhaanota gurguddaa lama (main crops) sararaan walkeessa facaasuu. Sararaan facaasuun hojiilee akka aramuu fi haamuu ni salphisa

Fakkeenyaaf: Boqqolloo fi halquuqaa sarara tokko tokko darbaa walkeessa facaasuu ykn midhaan xixiqqaa sarara midhaan biilaa gidduu bittinneessuu. Rakkinnisaa midhaanonni keessa darbataman midhaan warra gurguddaa aduu, bishaanii fi nyaata saamuu ni danda’u. kunimmoo oomisha midhaan lachuuyyuu hir’isuu ni danda’a.

Walirra facaasuu (Relay Cropping)

Kana jechuun oobruu tokko irratti, midhaan tokko otoo oobruurra jiruu midhaan biraa keessa facaasuu jechuu dha. Kuni waldorgommii (walsaamuu) midhaan guddaa (main crop) fi midhaan keessa faca’e gidduutti uumamu ni hambisa. Midhaan keessa faca’u sun kan guddatu edda midhaan duraa ka’ee waan ta’eef lafa sana yeroo dheeraa itti fayyadamuuf nama dandeessisa.

Fakkeenyaaf: yeroo boqqolloon 50% daraararra jiru maxaaxisha keessa facaasuu, ykn yeroo boqqolloon 50 % daraaree jiru ykn daraaree guyaa 15 booda halquuqaa keessa facaasuu. Lafti itti fufinsaan faayidaarra waan ooluuf dhiqama biyyoo fi aramaalee akka ‘striga’faa hirdhisuu ni danda’a.

Yeroo lama facaasuu (Double cropping)

Kana jechuun waqtii tokko keessatti midhaan lama lafa tokkorraatti walduraa duubaan oomishuu jechuu dha. Yeroo lama facaasuun kun uumamaan ilbiisota, aramaa fi dhukkuba ittisuuf ni fayyada, fayyaa biyyoollee ni eega. Galma ga’insi haala qilleensaa, waqtii, gosa midhaanii KKf irratti hundaa’a.

http://www.umanitoba.ca/outreach/naturalagriculture/articles/seededcover.html

Fakkeenyaaf: Biyyoo (vertisol) irratti eedda asheeta boqqolloo irraa guurratanii booda shumburaa keessa facaasuun gaarii dha.

Ammallee gosa sanyii boqqollo dafee dhaqqabu booda gosa sanyii xaafii fi Halquuqaa dafanii dhaqqaban facaasuun gaarii dha.