wiirtuu leenjii ogeessota qaamolee haqaa federaalaa ogummaa abbootii seeraa fi... · adda duraan...
Post on 31-Oct-2019
38 Views
Preview:
TRANSCRIPT
0
Wiirtuu leenjii ogeessota qaamolee Haqaa
Federaalaa
Moojuulii Leenjii Leenjifamtoota HojiirraaYeroo Dheeraaf Qophaa’e
Naamusa Ogummaa Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaa (Akka Fooyyaa’etti)
Kan Qopheesse: Wiirtuu Leenjii Ogeessota Qaamolee
Haqaa Federaalaa
Afaan Oromootti Kan hiike: Tafarii Baqqalaa
Hiikkaa Afaan Oromoo Kan Gulaale: Xilaahun Birruu
1
Amajjii 2005 ALI
Qabiyyee Fuula
Seensa----------------------------------------------------------------------------------------------------3
Kaayyoowwan Leenjichaa-----------------------------------------------------------------------------5
Kutaa Tokko---------------------------------------------------------------------------------------------6
1. Naamusaa fi Naamusa Ogummaa: Dhimmoota Waliigalaa-------------------------------6
Kutaa-xiqqaa Tokko----------------------------------------------------------------------------7
1.1. Naamusa---------------------------------------------------------------------------------7
1.1.1. Seensa-------------------------------------------------------------------------------7
1.1.2. Hiikkaa Naamusaa-----------------------------------------------------------------8
1.1.3. Seera,Aadaa(Barmaatii) fi Naamusa-------------------------------------------10
1.1.4. Duudhaalee fi Qajeeltoo Isaa----------------------------------------------------11
Kutaa-xiqqaa Lama------------------------------------------------------------------------16
1.2. Ogummaa fi Naamusa Ogummaa---------------------------------------------------16
1.2.1. Maalummaa Ogummaa-----------------------------------------------------------17
1.2.2. Barbaachisummaa Naamusa Ogummaa----------------------------------------17
1.2.3. Barbaachisummaa Naamusa Ogummaa Abbaa Seerummaa fi Abbaa
Alangummaa-----------------------------------------------------------------------18
Kutaa Lama
2. Naamusa Ogummaa Abbaa Seerummaa /Abbaa Alangummaa Akka Waliigalaatti----------
------------------------------------------------------------------------------------------------23
Kutaa –xiqqaa Tokko--------------------------------------------------------------------------24
2.1. Danbii Naamusa Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaa Barreeffamaan
Qopheessuuf Muuxannoo Akka Addunyaa fi Akka Biyyaatti Jiru-------------24
2.1.1. Naamusa Ogummaa Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaa Qopheessuuf
Muuxannoo Akka Addunyaatti Jiru--------------------------------------------25
2.1.2. Naamusa Ogummaa Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaa Qopheessuuf Akka
Biyya keenyaatti Hojiiwwan hojjetaman-------------------------------31
Kutaa-xiqqaa Lama----------------------------------------------------------------------------------41
2.2. Qajeeltoowwan Naamusa Ogummaa Abbaa Seerummaa fi Abbaa Alangummaa---
------------------------------------------------------------------------41
2.3. Duudhaalee fi Qajeeltoowwan Naamusa Abbaa Seerummaa fi Abbaa
Alangummaa---------------------------------------------------------------------------42
2
2.3.1. Bilisummaa------------------------------------------------------------------------44
2.3.1.1. Bilisummaa Mana Murtii Barbaaduu fi Mirkaneessuu ------------44
2.3.1.2. Abbaa Alangaa fi Itti gaafatamummaa Bilisummaa Ogummaa
Eegisisuu irratti Itti gaafatamummaa Inni Qabu........................... 58
2.3.2. Alloogummaa (Impartiality) ----------------------------------------------------67
2.3.2.1. Abbaa Seerummaa fi Alloogummaa---------------------------------67
2.3.2.2. Abbaa Alangummaa fi Alloogummaa-------------------------------75
2.3.3. Ejjennoo Cimaa Qabaachuu (Integrity)---------------------------------------81
2.3.3.1. Abbaa Seerummaa fi Ejjennoo Cimaa Qabaachuu-----------------81
2.3.3.2. Abbaa Alangummaa fi Ejjennoo Cimaa Qabaachuu---------------85
2.3.4. Fayyaalummaa (Propriety)-----------------------------------------------------87
2.3.4.1. Abbaa Seerummaa fi Fayyaalummaa--------------------------------87
2.3.4.2. Fayyaalummaa Abbaa Alangaa Irraa Eegamu----------------------93
2.3.5. Beekumsaa,fi Ogummaa Seeraa Itti fufinsaan Gabbifachuu fi Kaka’umsa
Qabaachuu ------------------------------------------------------------------------98
2.3.5.1. Abbaa Seerummaa fi Kaka’umsaa fi Tattaaffii --------------------98
2.3.5.2. Hojii Abbaa Alangummaa Keessatti Kaka’umsaa
fi Cimina Agarsiisuu--------------------------------------------------103
Kutaa Sadii-------------------------------------------------------------------------------------107
3. Dirqama Naamusa Ogummaa Abukaattotaa fi Kabachiisota Seeraa Ilaalchisee
Qaphxiiwwan Tokko Tokko-----------------------------------------------------------------107
3.1. Naamusa Kabachiistota Seeraa-----------------------------------------------------107
3.2. Qajeeltoowwan Naamusa Ogummaa Abukaattotaa-----------------------------111
Kutaa Afur----------------------------------------------------------------------------118
4. Naamusa Ogummaa Cabsuun Ittigafatamummaa Hordofsiisu-------------------------118
Seensa------------------------------------------------------------------------------------------118
4.1. Itti Gaafatamummaa Yakkaa-------------------------------------------------------118
4.2. Itti Gaafatamummaa Siivilii--------------------------------------------------------122
4.3. Itti Gaafatamummaa Naamusaa (Bulchiinsaa)-----------------------------------123
Wabiiwwan---------------------------------------------------------------------------------------------129
3
Seensa
Leenjifamtootaa!leenjii wiirtuu leenjiin kennamu erga xumurtanii booda sektera haqaatti
makamtu. Gariin keessan abbootii seeraa yommuu taatani gariin keesssan ammoo abbootii
alangaa taatu. Yeroo kana, naamusa abbaa seeraa ykn abbaa alangaa tokko irraa eegamu beekanii
of qopheessanii argamuun barbaachisaa ta’a. Moojuulii leenjii kanaanis qajeeltoowwan
naamusa ogummaa abbaa seeraa fi abbaa alangaa kan itti barannu ta’a.
Nuti ogeessonni abbaa seerummaanis ta’e abbaa alangummaan hojjennu bu’aa ogummaa keenya
irraa eegamu argamsiisuu kan dandeenyu naamusa ogummaan keenya barbaadu eegnee yoo
hojjenne qofa. Waan ta’eefuu, naamusa ogummichi barbaadu beekuu fi dandeettii isaa
gabbifachuun barbaachisaa dha.
Naamusni ogummaa adda durummaan ogeessotuma dhimmichi ilaaluun kan qophaa’uu fi
ogeessi ala dhaabatee kan ilaalu osoo hin taane ofii isaatiin itti amanee ofitti fudhachuun hojiirra
kan oolchu dha. Namni tokko ogummaa tokko yoo baratu ykn ogummaa sanatti yoo makamu,
dirqamni hamilee jalqabaa inni qabu ogummicha kaayyoo barbaadameef oolchuu fi bu’aa
barbaadame argamsiisuuf waliigaleera jedhamee tilmaamama. Qaamoleen ogeessota kanniin
muuduun ykn qacaruun hojjechiisanis naamusa ogummaa kana gara danbiitti jijjiiruun humna itti
horuun dirqisiisoo taasisu. Kana jechuun garuu,ogeessi tokko duudhaalee naamusaa kanniin
hojiirra kan oolchu qaama alaatiin waan ajajameefidha jechuu miti. Waanti ogeessa tokko irraa
adda duraan barbaadamu ogeessichi dirqama ogummaan isaa gaafatu ofumaan beekee fedha
isaatiin hojiirra oolchuu dha.
Waan ta’eefuu,ogeessonni naamusa ogummaan isaanii irraa barbaadu uffatanii hojjechuuf
sanadoota akka addunyaa fi akka biyyaatti dhimma kana irratti qophaa’anii jiran sakatta’uu fi
beekuun barbaachisaa ta’a.
4
Moojuuliin kun yoo qophaa’u sanadoonni naamusa ogummaa biyya keessaa fi biyya alaa
sakatta’amaniiru;ogeessonni ogummaa kanaan muuxannoo yeroo dheeraa qaban dubbisuufis
yaalameera.
Moojuuliin kun yoo qophaa’u qajeeltoowwan bu’uuraa leenjifamtoonni beekuu qaban irratti
xiyyeeffatee ti. Hojiirra oolmaa qajeeltoowwan kanneenii ilaalchisee qaamoleen adda addaa
danbiiwwan bifa adda addaa qaban qopheessanii qabu. Qajeeltoowwan naamusa ogummaa abbaa
seerummaas ta’e abbaa alangummaa tumuuf muuxannoowwan idila- addunyaa fi biyyoolessaa
kan jiran yoo ta’u, qajeeltoowwan kunniin meeqa ta’uu akka qaban irratti garuu
garaagarummaan biyyaa biyyaatti bakkaa bakkatti ni jira. Fakkeenyaaf,
1. Danbiin naamusa ogummaa Baangiloor naamusa ogummaa abbaa seerummaa
qajeeltoowwan jahatti qooduun kaa’a.
2. Danbiin naamusa ogummaa abbootii seeraa Kaanaadaas haaluma walfakkaatuun
qajeeltoowwan kanniin bakka 6tti qoodee kaa’a.
3. Waldaan Ogeessota Seeraa Ameerikaa (American Bar Association) qajeeltoowwan kana
“kaanoonii” afuritti qooduun kaa’a.
4. Mootummoonni Gamtooman danbii abbootiin seeraa ittiin gaggeeffaman “kaanoonii” 7tti
qoodee kaa’a
5. Manni Murtii Yakkaa Addunyaa qajeeltoowwan naamusa abbootii seeraa bakka 8tti
qooduun kaa’a.
6. Sagantaan Fooyyaa’insa Siivil Sarvisii Itoophiyaa naamusa hojjettoota mootummaa
(abbootii seeraa fi abbootiin alangaa dabalatee) qajeeltoowwan 12 kan kaa’e yoo ta’u,
manneen murtii naannolee tokko tokko kanuma fudhachuun danbii naamusaa mataa
isaanii raggaasifachuun itti hojjechuu irratti argamu.
7. Danbiin naamusa ogummaa abbootii seeraa federaalaa danbiiwwan naamusaa
keewwattoota 24tti qooduun teechiseera.
8. Danbiin ittiin bulmaaata abbootii alangaa federaalaa fi abbootii alangaa mootummaa
naannoo Amaaraa tumaawwan naamusa ilaallatan keewwattoota 15 tti qoodamee argina1.
1 Qajeelfama naamusa ogummaa abbootii alangaa ilaalchisee sanadoonni biyya alaa adda addaa kan jiran ta’us,
qajeeltoowwan ittiin gaggeeffaman yoo ilaalle garuu akkuma kan abbootii seeraa cuunfamee fi sadarkeeffamee argina.
5
Isaan kunniin hundi bifa adda addaan haa taa’an malee karaa tokkoonis ta’e karaa biraan
bu’uurarraan qajeeltoowwanii fi dirqamoota naamusaa kaa’aniin walfakkeenya kan qabanidha.
Waan ta’eefuu, moojuuliin kun yoo qophaa’u sanadoota adda addaa kanniin ilaaluun ta’us,
danbiin naamusa ogummaa Baangiloor qajeeltoowwan naamusa ogummaa sanadoota biroo
keessa jiran of keessatti hammatee kan qabatee,fi barsiisuufis ta’e haala salphaan kan hubataman
ta’ee qopheessaa kanaan waan itti amanameef, fooyyaa’insa xiqqaa ta’e qofa gochuun
qajeeltoowwan naamusa ogummaa hubachiisuuf filatamee dhihaateera. Dabalataanis, sanadni
Baangiloor kun qajeeltoowwan naamusaa kanneen alloogummaa fi walqixxummaa jechuun
bakka lamatti qooduun dhiheessee iddoo tokkotti qabateera.
Akka qopheessaan moojuulii kun ilaaluu fi amanutti qajeeltoowwan naamusa ogummaa
Baangiloor kunniin akkuma qajeeltoowwan naamusa abbootii seeraa, abbootii alangaas
ilaallachuu kan danda’an waan ta’eef, bifa sanaan akka dhihaatu ta’eera.
Armaan olitti dhiheessuuf akkuma yaalame, danbiiwwan naamusa ogummaa ilaallatan sadarkaa
federaalaattis ta’e sadarkaa naannootti kan jiranii fi dirqisiisoos kan ta’an waan ta’eef, abbootiin
seeraas ta’e abbootiin alangaa gadifageenyaan beekuu kan qabanidha. Gama kanaan,
danbiiwwan naamusa ogummaa qaama aangoo qabuun ba’an abbootii seeraas ta’e abbootii
alangaa sadarkaa federaalaattis ta’e sadarkaa naannootti jiran kan ilaallatu ta’uu tilmaama keessa
galchuun moojuuliin kun qajeeltoowwan bu’uura qofa irratti xiyyeeffachuun kan qophaa’e dha.
Bakka barbaachisaa ta’ee argametti ammoo tumaaleen naamusa ogummaa federaalaa ykn
naannoo moojuulii kana keessatti haalli itti fayyadame ni jira.
Moojuuliin leenjii kun kutaalee afuritti qoodamuun dhihaateera. Kutaa tokkoffaa keessatti, yaad-
rimeen naamusaa fi naamusa ogummaa haala waliigalaan kan dhihaate yoo ta’u,kutaa lammeffaa
keessatti ammoo dhimma ijoo moojuulii kanaa kan ta’e qajeeltoowwan naamusaa abbootiin
seeraa fi abbootiin alangaa kabajuu qaban tokko tokkoon dhihaateera.Kutaa sadeffaa
keessatti,sadarkaa naamusaa abukaattoowwanii fi kabachiistota seeraa irraa eegamu haala
gabaabina qabuun dhiheessuuf kan yaalame yoo ta’u,dhuma irratti kutaa afraffaa keessatti
dirqama naamusaa ba’achuu dhabuun gama yakkaan, siivilii fi bulchiinsaan (discipline) itti
gaafatamummaa maalii akka hordofsiisu agarsiisuuf yaalameera.
6
Qaphxiiwwan ka’an hubachuuf akka gargaaruuf moojuulichi gaaffiiwwan marii hedduu of
keessatti qabateera. Leenjifamtoonnis gaaffiiwwan marii dhihaatan irratti haala gadi fageenyaa fi
bal’ina qabuun akka mari’attan isin irraa eegama. Dabalataanis, leenjifamtoonni waayita leenjiin
kennamutti danbiiwwan naamusaa naannoo isaanii keessatti ragga’ee hojiirra oolaa jiru yaad-
rimeewwan moojuulii kana keessatti hammataman waliin walbira qabuun marii irratti akka
gaggeessitan isin irraa eegama.
Kaayyoowwan Leenjichaa
Kaayyoowwan Gooroo
Leenjifamtoonni leenjii kana yoo xumuran:
1. Maalummaa fi barbaachisummaa naamusa ogummaa ni hubatu
2. Qajeeltoowwanii fi dirqamoota naamusa ogummaa abbootii seeraa fi abbootii alangaa ni
beeku
3. Naamusa ogummaa hojiirra oolchuuf dandeettii isaan barbaachisu ni horatu
4. Ilaalcha naamusa ogummaan hoogganamuuf isaan dandeessisu ni horatu
Kaayyoowwan Gooree
Leenjifamtoonni mata-dureewwan moojuulii kana keessatti tarreeffaman erga baratanii booda:
1. Maalummaa naamusaa ni ibsu
2. Maalummaa fi barbaachisummaa naamusa ogummaa ni ibsu
3. Barbaachisummaa naamusa ogummaa abbootiin seeraa fi abbootiin alangaa ittiin
gaggeeffaman ni ibsu
4. Qajeeltoowwanii fi dirqamoota naamusa ogummaa abbootii seeraa fi abbootii alangaa
irraa eegaman tokko tokkoon ni tarreessu
5. Abbootii seeraas ta’an abbootiin alangaa qajeeltoowwan naamusaa ittiin gaggeeffaman
hojiirra oolchuuf dandeettii barbaachisu ni horatu
6. Kenna tajaajila haqaa keessatti ogeessonnii fi hojjettoonni qooda fudhatan naamusawoo
ta’anii hojjechuun maaliif akka barbaachise ni ibsu
7. Dirqamni naamusaa abukaattonni qabaachuu qaban maalfaa akka ta’e irratti hubannoo
waliigalaa ni qabaatu
7
8. Dirqamni naamusaa kabachiiftonni seeraa qabaachuu qaban maalfaa akka ta’an irratti
hubannoo waliigalaa ni qabaatu
9. Naamusa ogummaa abbaa seerummaa fi abbaa alangummaa kabajuun sirna Heeraa
kabachiisuu keessatti gahee ol’aanaa akka qabu ni hubatu.
10. Danbiiwwan naamusaa kabajuu dhabuun itti gaafatamummaa maalii akka hordofsiisu ni
ibsu
Kutaa Tokko
1. Naamusaa fi Naamusa Ogummaa: Dhimmoota Waliigala
Kaayyoowwan Gooree
Leenjifamtoonni kutaa kana yoo xumuran:
1. Maalummaa naamusaa ni ibsu
2. Naamusa,aadaa fi seera gidduu tokkummaa fi garaagarummaa jiru ni ibsu
3. Maalummaa naamusa,duudhaa fi qajeeltoowwanii ni ibsu
4. Ogummaa jechuun maal jechuu akka ta’e ni ibsu
5. Barbaachisummaa naamusa ogummaa ni ibsu
6. Amaloota addaa naamusa ogummaa ni ibsu
7. Barbaachisummaa danbii naamusa ogummaa abbaan seerummaa fi abbaan
alangummaa ittiin gaggeeffaman ni ibsu
Kutaa-xiqqaa Tokko
1.1. Naamusa
1.1.1. Seensa
Dhugaa barbaaduuf jecha sammuun dhala namaa yeroo hunda buusee baasaa oola. Waanta
duraan sirrii dha jedhamee itti amanamu tokko fudhachuu keenyaan dura, ykn fudhanneemayyuu
hojiirra oolchaa kan turre tokko mee haa qorannu;waanti kun dhugaa ta’uu dhiisuu danda’a
jennee haalli gaaffii itti kaasnu ni jira. Kan dhageenyu irraa, kan dubbisnu irraa, kan agarruu fi
kkf hunda irraa isa kamtu dhuga-qabeessa laata? jechuun gaafachuun keenya beekamaa dha.
8
Haalli jireenyaa fi fedhiin namootaa guyyuma guyyaatti adda addummaa qaba. Tokko tokko
qarshii qusachuu yoo jaallatu, kan biraan garuu ni balleessa;qusannaa tokko malee fayyadama.
Tokko tokko namoota gargaaruu yoo barbaadu, gariin ammoo namoota biraan attamitti akka
gargaaramuu yaadaa oola. Kanuma irraa ka’uun dhimmoonni iddoon guddaa kennamuuf
kanneen akka ilaalcha siyaasaa,amantii fi kkf garaagarummaa qabaatu.
Garaagarummaa keenya kanaaf sababni maali? Waan namni tokko gatii itti laate namni biraa
gatii kan dhowwatuuf maaliifi? Tokko tokko haqa kabachiisuuf kutannoon yoo hojjetu kan
biraan maaldhibdeen kan ilaalu maaliifi? Tokko tokko haqaa fi dhugaaf yoo dhaabatu kan biraan
maaliif miidhuuf dhaabata? Jireenya namaa keessatti warreen kunniin gaaffiiwwan bu’uuraa dha.
Bu’uuraan muuxannoon jireenyaa nuti kana dura dabarsine gatii nuti waan tokkoof laannu
murteessuu keessatti gahee guddaa taphata. Kanas ta’u, kun alfaas oomeegaas miti. Muuxannoo
duraan qabnuun sirrii dha jennee itti amanuun itti hojjetaa kan turre yeroon booda ammoo sirrii
kan hin taanee fi kan nu miidhan ta’uu beeknee kan dhiifne ni jiru. Duratti waan gaarii hojjechaa
turree yeroon booda ammoo kan gadi buunee namoonni taanees hin dhabamnu.
Yeroo tokko tokko gatii itti kennanii gaarii fi yaraa jechuun waanti namoonni adda baasan
dirqama ni barbaachisaa laata? jedhanii kan gaafatanis ni jira. Yeroo tokko tokko namni kun
sammuu hin qabu yoo jedhamu ni dhageenya. Dhugumayyuu,akkuma jedhamu namoonni tokko
tokko sammuu hin qaban kan jedhamu dhugaa dha?
History reveals that no society has ever been without some value system and every individual
has some code of values. The issue, therefore, is not whether we are to have value but what those
values will be-whether they will advance or retard life. Whether they will be consistent or not2.
Yaadni kun yaada dhugaa dha. Dhalli namaa filannoo ala ta’ee hin beeku. Yerooma yerootti
filachuu fi murteessuun dirqama dha. Yoo murteessu, kun sirrii dhamoo yaraadha;galman
barbaade sanaan na gahamoo naan hin gahu? jechuun filatee murteessuu jalaa hin ba’u. Waan
ta’eefuu,filannoon dhala namaa naamusi ni barbaachisamoo hin barbaachisu? kan jedhu osoo hin
taane,naamusa gosa akkamii barbaachisa? kan jedhu irratti dha.
2 Vincent Barry, Philosophy a Text with Readings (2
nd, 1983), p.93.
9
Erga akkas ta’ee,sirrummaa fi gadhummaan gocha tokkoo maaliin adda baha? Isa tokkoon sirrii
isa biraan ammoo yaraa dha kan jennu sababni maali? Jireenya keenya keessatti waanti nuti gatii
laachuufii qabnu maali? Ogummaa keenya keessattihoo? Dhimma biyyaa fi uummata keenyaa
ilaalchisee waanti gatii itti laannuu fi hojiirra oolchuu qabnu maali? Gaaffilee kanniin akka
ta’utti deebisuuf dhimmicha qoratanii toora tokko qabsiisuu barbaada. “Naamusa” kan jedhamus
damee Filoosoofii dhimmi kana qoratu dha. Kutaa kana keessatti yaadrimeewwan naamusaa
haala waliigalaan kaasuuf yaalla.
1.1.2. Hiikkaa Naamusaa
Leenjifamtootaa! Dubbisuu jalqabuun dura gaaffilee armaan gadii deebisuuf yaalaa.
1. Naamusni maali?
2. Naamusni faayidaa maalii qaba?
Madda Jechichaa
Jechi ethics jedhu afaan Ingilizii yoo ta’u, kan dhufes jecha afaan Giriikii ethos jedhu irraati.
Afaan Giriikiitti ethos jechuun bakka namoonni waliin jiraatan hiikkaa jedhu kan qabu yoo ta’u,
suuta suuta adeemsa keessa garuu hiikkaawwan muuxannoo, amala, yaadaa fi haala haasaa kan
qabate ta’uu hayyoonni toora kanaan jiran ni ibsu.
Roomaa ishee durii keessatti, jechi afaan Girikiitiin ethos jedhu jecha afaan Laatiin mos jedhuun
bakka kan bu’u yoo ta’u, hiikkaan isaas ethos waliin tokkuma ta’ee dabalataan garuu
seera,danbii, sirna uffannaa,fi kkf hiikkaawwan jedhan of keessatti qabateera. Jechi afaan
Ingiliziin morality jedhus kan dhufe jechuma Laatinii mos jedhu kana irraati. Waan ta’eefuu,
jechoonni safuu (morality) fi naamusa jedhan kunniin yaada walfakkaataa ta’e ibsuuf
waljijjiirree kan itti fayyadamnu dha3.
Hiikkoo Naamusaa (Ethics)
3 Akkuma 2ffaa, Fuula 95.
10
Dikshinariin Black’s Law jecha ethics jedhu akka itti aanutti hiika:
[o]f or relating to moral obligations that one person owe to another (dirqama
hamilee inni tokko isa biraaf qabu kan agarsiisu)
Dikshinarii Oksifoordi keessatti ammoo hiikkaa armaan gadii arganna:
Ethics is moral principle that controls or influence a person’s behaviour
(qajeeltoowwan hamilee amalli nama tokkoo ittiin gaggeeffamu)
A system of moral principles or rules of behaviour connected with beliefs and
principles of what is right and wrong (Qajeeltoowwan hamilee amantaa sirrii fi sirrii
hin taaane kan tumu dha).
Kitaabni Barnootaa Falasamaa (Text Book of Philosophy) ethics akka itti aanutti hiika:
The branch of philosophy that studies what constitutes good and bad human conduct, including
related activities and values.4 Damee falasamaa keessaa tokko ta’ee, waa’ee amala namaa isa
gaarii fi gadhee; gochaawwanii fi duudhaalee kan qoratu dha.
Hiikkaawwan olii kunniin akka waliigalaatti kan agarsiisan naamusa jechuun amala gaarii fi
gadhee , gara laafinaa fi gara jabina ykn sirrii fi dogoggoraa kan agarsiisu ykn isaan kanniin
gochuuf qajeeltoo ittiin gaggeeffamnu jechuu dha.
Gama biraatiin, naamusni (ethics) kun gosa saayinsii waa’ee gaarii fi gadhee; akkasumas,gaarii fi
gadhee adda baafachuuf qajeeltoowwan itti fayyadamnu akka ta’etti hiikama.
Naamusni adda durummaan amala wajjiin kan walqabatu dha. Waan ta’eefuu, naamusa nama
tokkoo yommuu jennu, amala namni tokko irra deddeebiin hojjechuun ittiin beekamu, ykn gaarii
fi yaraa kan ittiin filatu dha. Kana jechuun, gaarii fi yaraa irratti ilaalcha, fi amantaa namni tokko
qabu ilaalchisee gochawwan namicha bakka bu’u danda’an jechuu dha.
1.1.3. Seera, Aadaa Naannoo(Barmaatii),fi Naamusa
Gocha gaarii fi gadhee ta’e ykn yaada, gocha, ykn dubbii ta’uu qabuu fi ta’uu hin qabne
dhimmoonni ilaallatan guutummaan guutuutti hiikkaa naamusaa keessatti kan hammatan miti.
4 Akkuma 3ffaa,Fuula 96.
11
Namni kamiyyuu akka raawwatuuf ykn akka hin raawwanneef gochawwan seeraan adda bahan
kan jiran ta’uun beekamaa dha. Fakkeenyaaf, ajjeechaa fi hanni seeraan gochawwan
dhorkamanidha. Gochaawwan kanniin gochuu irraa of qusachuuf kan dirqamnu, qaamni seera
akka baasuuf aangoon kennameef gochawwan kunniin dhorkaa ta’uu fi raawwatamanii yoo
argamanis kan adabsiisan ta’uu waan tumeefi. Waan ta’eefuu, fudhatamummaan (validity)
gochaawwan dhorkaman kanaa fedha seera baastuu dha jechuu dha.
Haaluma walfakkaatuun,akkaataa aadaa naannootiin gaarii fi gadhee, gochoonnii fi amalootni
hayyamamoo fi dhorkamoon ni jiru. Maddi fudhatamummaa isaanis aadaa hawaasaa dhalootaa
dhalootatti daddarbaa dhufe yoo ta’u, hawaasni abbaa aadichaa ta’es dhimmoonni kunniin akka
kabajaman kan barbaaduu fi kan to’atu dha.
Gama biraatiin, namni tokko ajaja ykn dhiibbaa alaan irratti godhamuun osoo hin taane, amala
muuxannoon guddifachaa dhufeen gaggeeffamee ykn sammuu mataa isaatiin buusee baasuun
hojjechuu qaba. Gochawwan kanniin gochuu akka qabu ykn gochuu irraa akka of qusatu
amalootaa fi yaadota kana irratti hundaa’uuni dha. Maddi ykn ka’umsi isaanii maalis ta’u, isaan
kana kan inni raawwatuuf dhiibbaa alaatiin osoo hin taanee, sammuudhuma isaatiin qajeelfamee
ti. Ibsa biraatiin, ka’umsi fudhatamummaa danbiiwwan ykn sirnoota kanaa sammuu dhuunfaa
namicha gocha sana raawwatu dha. Kutaa naamusaa kan jedhamus isa kana dha.
Haa ta’u malee, seerri, aadaa, fi naamusi dhimmoota walitti dhufeenya hin qabnee fi inni tokko
isa kaan irraa qofaatti adda bahuun daangeffamanii kan taa’anidha jechuu miti.
Qajeeltoowwan, sirnoonnii,fi danbiiwwan amala gaarii fi gadhee baayyeen yeroo tokkotti
naamusa,aadaa fi seerawaa haalli itti ta’an ni jira. Fakkeenyaaf, nama ajjeesuun gadhee akka ta’e
seera qofaan osoo hin taane aadaa jiruunis kan deggaramuu, fi sammuun namoota baayyees
gochi kun sirrii kan hin taanee fi cubbuu akka ta’etti kan ilaalamu dha. Kanaafuu, gadhummaan
nama ajjeesuu sirna seeraa, sirna aadaa,fi sirna naamusaa sadanu keessatti kan hammatamuu dha.
Gama biraatiin,wanti sirna isa tokko keessatti fudhatamummaa qabu sirna isa biraa keessatti
fudhatamummaa kan hin qabne ta’uu danda’a. Wanti seeraan dhorkame tokko aadaa jiruun
deggaramuu mala; aadaan kan hin deggaramne fi nama dhuunfaanis kan itti hin amanne ta’uu
danda’a. Fakkeenyaaf, seerri konkolaachisaan tokko harka bitaa qabatee akka deemu ajaja. Haa
ta’u malee, kun ija naamusaatiin sirrii dha ykn sirrii miti hin jedhamu. Seeronni tokko tokko ulfa
12
ofirraa baasuu yoo deggeran danbiin aadaa ykn naamusaa tokko tokko ammoo ni abaaru; ni
mormus.
1.1.4. Duudhaalee fi Qajeeltoowwan
Bu’uurarraan naamusni gaaffilee ijoo sadii kaasa. Gaaffiin inni duraa,gocha naamusawaa
raawwachuun fayyadamaa kan ta’u eenyu? kan jedhu dha. Kana ilaalchisee falasamawwan adda
addaatu jira. Falasamni duraa Heedoonizim (Hedonism) jedhamuun kan beekamu yoo ta’u, akka
falasama kanaatti galmi naamusaa inni dhumaa namichuma gocha naamusaa raawwatu sanaaf
gammachuu argamsiisuu dha. Falasamni Yuutiliitariyaanizim (Utilitarianism) jedhu ammoo
hojiin tokko gaarii jedhamuu kan danda’u faayidaa waan qabuuf qofa osoo hin taane, hanga
danda’ametti namoota hedduu fayyaduu yoo danda’e dha jedha. Kanaan alatti nama tokko qofa
fayyadee nama biraa kan miidhu yoo ta’e, hojii gaarii (gocha naamusawaa) dha jedhamuu hin
danda’u. Karaa biraatiin ammoo bu’aan argamu maalis ta’u maali gochi raawwannu fedha
uumaa kan eege ykn waan seerri uumamaa nu ajaju ta’uu qaba yaadni jedhus ni jira. Akka yaada
kanaatti bu’aan argamu maalis haa ta’u maal waan uumaan nu ajaju yoo raawwanne sirrii goone
jechuu dha. Waan fedheefuu gaaffiiwwan naamusni deebisuu qabu keessaa inni tokkoo fi inni
bu’uuraa fayyadamaan eenyu dha ? gaaffii jedhu dha.
Dhimmi ijoo lammeffaan waan gaarii kanan godhu maaliifi? Gocha gadhee ta’e irraa of
qusachuun maaliif na barbaachisa? Jechuunis,namni waan gaarii godhee fayyadamaa ta’e tokko
maal akka argatuufi? Galmi dhumaa maali? Kana jechuun, the ultimate value of living kan
jedhamu maali? Jechi value jedhu maal agarsiisa? Value is that which one acts to gain and/or
keep (Ayn Rand, page 27). Afaan Ingiliziin jecha value jedhu bakka bu’uu kan danda’u jecha
duudhaa jedhu fudhannee mee haa ilaallu. Duudhaan fakkeenyota hedduun ibsamuu danda’a:
Du’a booda jireenya bara baraa;
Hanga lubbuun darbanitti hirkattummaa tokko malee bilisummaan jiraachuu;
Ogeessa seeraa beekamaa ta’uu;
Namoonni rakkoo keessaa ba’anii arguu,fi kkf;
Gaaffiin ijoo inni sadeffaa gaaffii ijoo isa tokkoffaa olitti ilaalle irraa kan maddu dha. Galma
dhumaa beekuun dhimma ijoo ta’us, yoon maal godhe galma kana milkeeffadha ? gaaffiin jedhus
dhimma ijoo biraa ti. Karaan hundi galma yaadametti nama hin geessu. Waan ta’eefuu,karaan
13
gara galmaatti nama geessuu hundi (yaadni, dubbii, fi gochi) daandii sirrii yoo ta’u, kanaan ala
daandiiwwan jiran hundi garuu kan dogoggoraa ta’a jechuu dha. Karaan gaarii gara galmaatti
nama geessu kun afaan Ingiliziin virtue yoo jedhamu,kan dogoggoraa fi gara galma yaadameetti
nama hin geessine ammoo vice jedhama. Karaa sirrii virtue jedhamu kana afaan Oromootiin
qajeeltoo jennee moojuulii kana keessatti itti fayyadamaa deemna.
Fakkeenyaaf, galmi nama tokkoo inni dhumaa du’aan booda jireenya bara baraa argachuu ta’uu
danda’a. Galma dhumaa kana bira gahuuf maal gochuu qaba? Gochaawwan attamii raawwachuu
qaba? Gochawwan attamii irraa of qusachuu qaba? Gochawwan hayyamamoo fi dhorkamoo
ta’an adda baafachuuf qajeeltoowwan kallattii agarsiisuuf itti fayyadamuu qabnu maalfaa ta’uu
qabu? Kan jedhu ammoo gaaffii ijoo sadeffaaf deebii kan kennu dha.
Kanneen armaan gadii qajeeltoowwaniif fakkeenya ta’u:
Jireenya bara baraa argachuuf seerota kitaabni qulqulluu ajaju kabajanii raawwachuu
Bilisummaa dhuunfaa eeggatanii jiraachuuf hojii jaallachuu fi hojjechuu, qarshii sirnaan
qabachuu fi qusachuu
Sobuu dhiisanii yeroo hunda dhugaa dubbachuu
Waan qaban kan biraaf qooduu, fi kkf
Waan gaarii fi gadhee ta’e addaa baafachuuf dursa galmi bira gahuu barbaanne adda bahee
beekamuu qaba. Sababni isaa, sirrii ta’uu fi sirrii ta’uu dhiisuun gocha tokkoo kan murtaa’u
galma dhumaa ilaalanii waan ta’eefi. Galma dhumaa bira kan geenye yoo ta’e, daandiin qabanne
sirrii dha jenna; ta’uu baannaan garuu sirrii miti jenna.
Walumaagalaatti, tokkoon tokkoon namaa osoo beekuus ta’e (consciously) osoo hin beekiin
(unconsciously) duudhaa dhumaa ittiin gaggeeffamu ni qaba jedhamee tilmaamama. Jireenya
isaa keessatti gochaawwan inni raawwatus ta’an akka hin raawwanne kan inni irraa of qusatus
galma dhumaan isa gahanis gaahuu baatanis kaayyoon isaanii garuu duudhaa isaa
milkeessuufidha.
Namoonni tokko tokko qajeelfama ofii isaanii ifa ta’e beekanii haaluma sanaan galma isaanii
milkeessuuf kan socho’an ni jiru. Gochi isaanii kun irra deddeebi’aa yoo deemu, amaleeffatamee
baratama ta’uun amala isaanii bakka bu’a.
14
Yeroo tokko tokkoo duudhaaleen namootaa fi gochawwan, danbiiwwanii fi sirnoonni gara
sanatti nama geessan walitti waan bu’aniif duudhaalee milkeessuun hafee abdii kutachuun sodaa
ykn muddama keessa galuuti dhufa.
Yeroo tokko tokko ammoo namoonni duudhaalee walitti bu’an tokkoo ol qabaatanii, gochawwan
garasitti ni geessuu jedhamanii raawwataman kan walitti bu’an ta’uu irraan kan ka’e, namichi
duudhaa tokkollee osoo hin milkeessiin haalli inni muddamaa itti jiraatu ni jira.
Ammas, namoonni tokko tokko duudhaa isaanii adda baasanii beekuu dadhabuu irraan kan ka’e
gocha sirrii ta’e kan sirrii hin taane irraa adda baafachuu dadhabuun yoo rakkatan mul’ata.
Gabaabumatti, sirrummaan naamusaa kan ittiin mirkanaa’uu fi safaramu naamusa kabajuu
kootiin fayyadamaan eenyu ? Jiraachuu kootiif duudhaa dhumaa ta’uu kan malu maali?
Duudhaa kana irra gahuuf maal gochuun qaba? gaaffilee jedhan deebisuu fi deebiiwwan
kanneenis hojiirra oolchuu irratti xiyyeeffata.
Haa ta’u malee, kana deebisuun qofti gahaa miti. Akka nutti amaleeffatamuu danda’utti
raawwachuu qabna.
Amala jechuun waan tokko irra deddeebinee raawwachuu keenyaan dhagneeffannee qorannoo fi
xiinxala osoo hin barbaadiin jireenya keenya guyyaa guyyaa sirna qajeelchuu dha.
Character is an established state (of the soul) from which actions proceed easily without any
need for reflection or deliberation.
Amala yaraa keessa keenya jiruu fi duudhaa barbaannu biraan nuun hin geenye baasanii gatuun
salphaa akka hin taane mara,amala haaraa gonfachuunis salphaa miti. Waan ta’eefuu, amala
qajeeltoo naamusaa sirrii ta’een qajeelfamu qabaachuuf yoo xiqqaate kanneen armaan gadii
raawwachuun nurraa eegama.
Kutannoo (determination) qabaachuu barbaachisa. Qajeeltoo sirrii dha jennee itti amanne
tokko irra deddeebi’uun raawwachuu qabna. Yoo akkas goone barree amaleeffanna.
Kaka’umsa (motivation) qabaachuu barbaachisa. Waan gaarii dha jennee itti amanne
tokko gochuu keenyaan faayidaa argannu;gochuu dhabuu keenyaan miidhaa nurra gahu
yeroo yerootti yoo yaadanne akka hin kufnee fi akka hin nuffine nu gargaara. Seenaa
15
ykn muuxannoo namoota hojii isaaniitiin fakkeenyummaa qaban yoo dubbisne
dadhabbiin yoo nutti dhagahamellee nu kakaasu; jabinas nuuf kennu.
Hiriyyoota (peers and friends) filachuu nu barbaachisa. Hiriyoonni fedha walfakkaataa
kan qabanii fi yaadaan kan waliigalan ta’uu barbaachisa.
Kutaa kana keessatti:
1. Jechi naamusa jedhu jecha afaan Ingilizii ethics jedhu kan bakka bu’u ta’uu;
2. Ethics kan jedhu jecha Girikii ethos jedhu irraa kan dhufee fi kunis amala jechuu akka ta’e;
3. Naamusni damee barnootaa waa’ee amala ykn gochaa gaarii fi gaarii hin taanee kan qoratu
ta’uu;
4. Amala jechuun irra deddeebiin gocha raawwatamu ta’ee eenyummaa keenya kan ibsuu fi
naamusa ittiin qajeelfamnu ta’uu;
5. Seerri,aadaa,fi naamusni amala dhala namaa ilaalchisee gochaawwan raawwatamuu qabanii
fi raawwatamuu hin qabne kan tuman yoo ta’u inni tokko isa biraa irraa adda kan bahu:
Maddi dhugummaa (validity) dirqama kabajamuu garagaraa ta’uu isaa;
Dirqamoonni tokko tokko seera, aadaa fi naamusa ta’uu danda’u;
akkasumas,wanti seeraan akka dirqamaatti ilaalamu tokko aadaanis ta’e
naamusaan akka dirqamaatti ilaalamuu dhiisuu danda’uu isaatiin.
6. Sirni naamusaa kamiyyuu fayyadamaa kan qabu ta’uu;
7. Sirni naamusaa kamiyyuu galma dhumaa kan qabu ta’uu fi kunis duudhaa jedhamuun kan
beekamu ta’uu;
8. Maalummaa qajeeltoowwan naamusaa kan murteessu duudhaa ta’uu isaa;
9. Naamusa gaarii horachuudhaaf kutannoo,kaka’umsaa fi filannoo hiriyyoota waliin oolanii
irratti kan hundaa’u ta’uu;
Gaaffilee Marii
1. Leenjifamtootaa! Garee gareen akkuma jirtanitti turtii Yunivarsiitii ykn Koolleejjii
gootan keessatti ogummaa keessaniin walqabachuun naamusa gaarii ykn namuusa yaraa
isin mudate waliif ibsaa! Mudannoo garee hundaa irraa barumsa argame dhiheessaa!
2. Jireenya kee keessatti kaayyoo koo isa dhumaa jettee duudhaan (ultimate value) ati
qabattee jirtu maali? Kaayyoon kee kun milkaa’uu isaatiin fayyadamaan jalqabaa eenyu?
16
Duudhaa kee kana milkeessuuf qajeeltoowwan attamiin gaggeeffamuu qabda?
Qajeeltoowwan kunniin duudhaa kee milkeessuuf daandii sirrii dhaa? Hojiirra oolchaa
jirtaa? Duudhaa sirrii dha jettu bira gahuuf amantaa fi abdii qabdaa?
3. Akka namoonni tokko tokko jedhanitti namni kamiyyuu waan tokko kan raawwatu
gammachuu dhumaa ofii argachuu barbaadeeti. Namni tokko tokko bal’isee yaaduu
dhabuu irraan kan ka’e gammachuu yeroof jedhee gammachuu itti fufiinsa qabu of
dhabsiisa. Tokko tokko garuu gammachuu itti fufiinsa qabu argachuuf jecha gammachuu
yeroo gabaabaa of dhabsiisa. Fakkeenyaaf,gocha sirrii fi dhugaa ta’e yoo goonu of
gammachiisuu keenya bira darbee namoonni biroos fayyadamoo waan ta’aniif;gama
kanaan gammachuu dhuunfaa barbaaduuf jecha nama biraa irratti miidhaa dhaqqabsiisuu
kan jedhu waliin walitti dhufeenya hin qabaatu. Waan ta’eefuu, namni tokko nama
biraa irraan miidhaa osoo hin gahiin waan isa gammachiisu hojjechaa jiraachuu ni
danda’a yaadni jedhu ni jira. Yaada kanaan isin hangam tokko waliigaltu?
4. Obbo Kaasaan mana isaanii rafaa osoo jiranii hiriyyaan isaanii bilbila bilbilaaf. Haa ta’u
malee,yeroo sanatti dadhabee waan tureef bilbila bilbilameef deebii kennuu hin
barbaanne. Guyyaa biraa hiriyyaan isaa sun argee siif bilbileen ture maaliif naaf hin
deebifne jedhee gaafate. Kaasaan dadhabee waanan tureefan kaasuu dhiise yoo jedhe
hiriyyaan isaa akka itti mufatu waan beekuuf, kana jalaa bahuuf jecha “mana waanan hin
turreefidha” jedhee deebii biraa deebise. Sobuun kaasaa sirrii dha? Moo dhugaa
dubbachuuti irra ture? Gaaffii kana deebisuuf qajeeltoo attamiin hoogganamuu qabda?
Barbaachisaa yoo ta’e soba dubbatanii hiriyyummaa eeguumoo dhugaa dubbatanii
balleessaa yoo ta’es fudhachuu; kana bira kan darbu yoo ta’es miira yeroo sana keessa
ture ibsuun hiriyyummaan kan itti fufu yoo ta’e itti fufee kan itti hin fufne yoo ta’e
ammoo yoo hafe wayya?
5. Masfin nama reebuun himatamee adabbiin hidhaa itti murtaa’ee adabbicha xumuree
baheera. Erga bahee boodas yakka duraan raawwate sana daddabalee waan raawwateef
yeroo afur himatamee yeroo afranuu itti murtaa’ee hidhaan adabamee baheera. Yeroo
shanaffaatiif yakka nama reebuutiin himatamee qorannaan yakkichaa erga dhumee
booda abbaa alangaa dhaqqabeera. Abbaan alangaa himatamicha ni beeka. Haa ta’u
malee,yommuu galmee qoratutti haala amansiisaa ta’een ragaan balleessaa jechisiisu hin
argamne. Abbaan alangaas sammuu isaa waliin falmii akkas jedhu keessa seene:
17
“dhimma kana ragaan hin jiru jedhee galmee cufee yoon gadhiise boor nama biraa
reeba. Kun miidhaa biraati! Himata akka hin banneef ammoo ragaan naan hin
amansiifne. Yoon maal godhe wayya? Namichi yakkicha akka raawwate garaan koo
beekeera. Abbaan seeraas namichi nama reebuun beekamaa akka ta’e waan
beekuuf,mana sirreessaa akka galu murteessuun isaa hin oolu;yoo hin murteessu ta’es
anumti ofiikoo raga gahaa hin qabu jedhee cufuukoo irra hanguman danda’e yaalee
manni murtii akkuma fedhe haa godhu” jedhee murteessa. Isin dhimma kana attamitti
madaaltu? Abbaan alangaas kan sobaas ta’u ragaa namootaa barbaadeen maal jedhanii
akka ragan itti himee namichi kun mana sirreessaa galuu qaba jedhee yoo murteesse
attamitti madaaltu? Hubadhaa! Abbaan alangaa kana kan godhu balaan biraa akka hin
dabalamne sodaateeti.
Kutaa-xiqqaa Lama
1.2. Naamusaa fi Naamusa Ogummaa
Leenjifamtootaa! Gara dubbisaatti seenuu keessaniin dura gaaffilee armaan gadii deebisuuf
yaalaa!
1. Ogummaan maali? Ogummaa dha jechuuf maalti guutuu qaba?
2. Naamusni ogummaa ni barbaachisaa? Kan barbaachisu yoo ta’e maaliif?
1.2.1. Maalummaa Ogummaa
Waa’ee naamusa ogummaa abbaa seerummaas ta’e naamusa ogummaa abbaa alangummaa
haasa’uu keenyaan dura ogummaan maali? gaaffii jedhu deebisuun barbaachisaa ta’a.
Ogummaa jechuun beekumsa, dandeettii, fi ilaalcha karaa leenjii ykn muuxannoo hojiitiin
argamu ta’ee, qaama ogummichaan tajaajilamuuf faayidaa qabatamaa ta’e kan kennuu dha.
Namoonni baayyeen ogummaan amaloota bu’uuraa afur akka qabu ni ibsu.
Isaanis:
Beekumsaa fi dandeettii addaa kan gaafatu;
Ittiin hojjechuuf ulaagaa seensaa murtaa’e kan qabu;
Duudhaa hawaasummaa jechuunis namoota biroof faayidaa kan argamsiisu;
Hojii hojjetamu gaggeessuu fi to’achuuf danbii naamusaa mataa isaa kan qabu dha.
18
Amaloota addaa ogeessi qabu keessaa, toora sanaan kanneen biroon akka salphaatti bakka
bu’amuu kan hin dandeenye abbaa beekumsaa fi dandeettii leenjii yeroo dheeraa fi dadhabbii
cimaan ijaarame ta’uu jechuu dha.
1.2.2. Barbaachisummaa Naamusa Ogummaa
Naamusa ogummaa jechuun sirna ykn danbii ogeeyyiin abbootii ogummaa ta’an galma dhumaa
ogummichi barbaadu milkeessuuf ykn ogummichi kaayyoo hin barbaachifne biroof akka
hinoolleef jecha gochaawwan, yaadawwan,ykn dubbiiwwan abbootii ogeeyyiitiin raawwatamuu
qabanii fi raawwatamuu hin qabne adda baasee tumu jechuu dha.
Jireenya hawaasummaa keessatti namoonni fedhiiwwan adda addaa (kan biyya lafaa fi kan
afuuraa) guuttachuuf jecha sektera sekteraan ogeessota beekumsaa fi dandeettii addaa gonfatan
barbaadu. Ogeeyyiin kunniin ogummaa isaanii kaayyoo barbaadameef qixa barbaadamuun
hojiirra yoo oolchuun faayidaa guddaa kan argamsiisu yoo ta’u, qixa barbaadamuun hojiirra
oolchuu baannaan garuu miidhaa guddaa kan dhaqqabsiisu dha. Fakkeenyaaf, kaayyoo fi galmi
ogummaa fayyaa dhukkuba ittisuun fayyummaa eegsisuu dha. Haa ta’u malee, abbootiin
ogummaa beekumsaa fi dandeettii addaa qabanitti fayyadamuun nama fayyaa dhukkubsataa
taasisuun balaaf saaxiluu danda’u.
Gochi akkasii kun kan gaafachiisu ta’us, hawaasni ogummaa kana hinqabne garuu ammoo
ogummichatti fayyadamu itti gaafatamummaa kana haala bu’a qabeessa ta’een to’achuu hin
danda’u. Abbaa ogummaa waan hin taaneef hojiiwwan akka hojjetamuu qabanitti hojjetaman
akka balleessaatti; kanneen akka hojjetamuu qabanitti hin hojjetamne ammoo akka waan gaarii
tokkootti lakkaa’uun ogummichas ta’e, hawaasa balaa guddaaf saaxiluu danda’a.
Waan ta’eefuu, ogeeyyiin beekumsaa fi ogummaa qaban faayidaa hawaasaaf oolchuun amantaa
uummanni isaan irratti gate akka eeganiif danbii naamusaa ittiin gaggeeffaman, hordofanii, fi
ittiin bulan qabaachuu isaan barbaachisa. Ibsa biraatiin, ogeeyyiin gosa ogummaa tokkootti
bobba’an beekumsaa fi ogummaa isaanii akka barbaachisutti fayyadamuun dirqama ogummaa fi
ittigaafatamummaa isaanii haalaan akka bahaniif danbii kallattii qabsiisuu fi ittiin bulan
qabaachuu barbaachisa jechuu dha.
19
Ogummaan kamiyyuu naamusa ittiin gaggeeffamu kan qabu yoo ta’u, barreeffamaan
qopheessanii kaa’uun ammoo faayidaa ol’aanaa ta’e qaba. Ogummaa tokkoof duudhaalee fi
qajeeltoowwan bu’uuraa jedhamuun kanneen tilmaamaman ifatti adda baasanii kaa’uun ogeessi
tokko hojii isaa yoo hojjetu amaloota naamusa gaarii inni hordofuu qabu adda baasee waan
kaa’uuf aadaan naamusa ogummichaa bocuuf sanada gargaaru dha. Dabalataanis, danbii
naamusa ogummaa barreeffamaan gochuun faayidaawwan armaan gadii ni qabaata.
Ogeessoonni naamuusaan walqabatee dhimmoonni isaan hin mirkaneeffanne yeroo isaan
qunnamanii muddaman rakkoolee furuuf kallattii dandeessisu agarsiisuu fi wantoota ifa
hintaane ifa taasisuuf;
Haala walitti bu’insi fedhii uumamuu itti danda’uu fi walitti bu’insi kunis hiikamuu itti
danda’u agarsiisuuf;
Gochaawwan ogummichi barbaaduun ala faallaa naamusa gaarii ta’an raawwatanii yoo
argaman tarkaanfii sirreeffamaa fudhatamuu qaban kaa’uuf ni gargaaru.
1.2.3. Barbaachisummaa Naamusa Ogummaa Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaa
Seenaadhaan seerri ogummaawwan dursummaa qaban keessaa isa tokko dha. Seenaan akka
nutti agarsiisutti yoo ta’e, seerrii fi ogeessonni seeraa baroota duraa eegalee hawaasa gurmaa’ee
jedhamuun kanneen ibsamanii dha.
Pirofeeser Ronald Aronsen fi Donald Wekston jedhaman ogeessonni seeraa jireenya hawaasa
tokkoo keessatti gahee ol’aanaa kan qaban ta’uu akka itti aanutti kaa’u:
.... (1) lawyers are instrumental in accompanying the purposes of law;the establishment and
operation of governmental processes,the protection of individuals from overreaching by
government;the accommodation of individual freedom with essential societal peace and order;
the assertion and balanced response to often conflicting human wants and desires ;the settling
and prevention of disputes;the application of general rules and policies to individuals;the
invocation of and design of the other means of ordering human conduct in accordance with the
perceived goals of society;the administration of justice5.
5 Akkuma 4ffaa,F.4
20
Kun gara afaan Oromootti yoo deebi’u hiikkaa armaan gadii ni qabaata:
Ogeessonni seeraa, seera jiru hojiirra oolchuun kaayyoo seeraa dhugoomsuu keessatti, caasaa fi
hojimaata hojii mootummaa murteessuu keessatti, mirgii fi bilisummaan namoota dhuunfaa
jiddulixummaa mootummaa irraa akka eegamu gochuu keessatti, mirgi bilisummaa dhuunfaa
namootaa, fi nageenyi hawaasaa walmadaaluu bifa danda’uun akka kabajamu gochuu keessatti,
fedhii fi faayidaa namootaa wal hin simne adda baasuun walmadaalchisaa deemuu keessatti,
waldhabdeewwan akka hin uumamne ittisuu fi uumamee yoo argames hiikuu keessatti, seerotnii
fi imaammattootni adda addaa tokko tokkoo namoota irratti raawwatinsa akka qabaatu taasisuu
keessatti, galma hawaasaa gama milkeessuutiin amalli namoota dhuunfaa maaliin gaggeeffamuu
akka qabu mala kaa’uu fi bulchiinsi haqaa milkaa’e akka jiraatu gochuu keessatti gahee
murteessaa ta’e qabu.
Ogeeyyiin seeraa hojiiwwan kanniin kan hojjetan abbaa seerummaa,gorsa kennuu,mariisisuu,
karoorsuu,abukaattummaa dhaabachuu, wixineessuu, qorannoo gaggeessuu,himannoo banuu,
barsiisuu,barreessuu,falmuu fi kkf hojjechuu irratti bobba’uudhaani. Tajaajiloota kanniin akka
ta’utti hojjechuudhaaf beekumsaa fi dandeettii bu’uura seeraa gahaa, dandeettii waliigaluu fi
falmii gaggeessuu, amanamummaa, cimina, icitummaa, quuqama, haqqummaa, xiyyeeffannoon
dhimmoota hordofuu fi kanneen murtii barbaadan irratti kutannoo qabaachuu, seera jiru hojiirra
oolchuun kaayyoo isaa galmaan gahuuf ciminaan dhaabbachuu, fi kkf barbaada6.
Keessattuu, abbootiin seeraa fi abbootiin alangaa bilisummaa fi qabeenyaa lammiilee irratti hojii
bulchiinsa haqaa isaanii guyyaa guyyaa keessatti murtiiwwan dhiibbaa guddaa fidan dabarsaa
oolu. Waan ta’eefuu, abbootiin seeraa fi abbootiin alangaa dhimmoota dhihaataniif sababoota
biroo kamiinuu osoo hin gaggeeffamiin seeraa fi firii dubbii dhihaateef qofa ilaaluun murteessuu
akka qaban irraa eegama. Seeraa fi firii dubbii qofa ilaaluun yoo murteessan qofa ol’aantummaan
seeraa fi haqti kan mirkanaa’u.
Hayyuun seeraa tokko akkas jedheera:
“We form a particular group in the community. We comprise a select part of an honourable
profession. We are entrusted, day after day, with the exercise of considerable power. Its exercise
6 Akkuma 5ffaa
21
has dramatic effects upon the lives and fortunes of those who come before us. Citizens cannot be
sure that they or their fortunes will not some day depend upon our judgement. They will not wish
such power to be reposed in anyone whose honesty, ability, or personal standards are
questionable. It is necessary for the continuity of the system of law as we know it, that there be
standards of conduct, both in and out of court, which are designed to maintain confidence in
those expectations.” (2nd ed. (1997) p.9)
Hiikkaan isaas akka armaan gadii ta’a:
Hawaasa keessatti nuti ogummaa faayidaa ol’aanaa qabu warra qabnu dha. Aangoon guddaa nuti
guyyaa guyyaatti itti fayyadamuu dandeenyu adaraa wajjiin nuuf laatameera. Aangoon keenya
kunis lubbuu fi qabeenyaa namoota biroo irratti bu’aa ol’aanaa kan hordofsiisu dha. Lammiileen
of fuulduraatti, gaaf tokko lubbuun isaaniis ta’e qabeenyi isaanii aangoo keenya harkatti akka hin
badne shakkii malee mirkaneeffachuu hin danda’an. Kanaafuu, aangoon akkasii kun nama
quuqamni, dandeettii fi sadarkaan naamusa isaa gaaffii keessa jiru harka akka galu tasumaa hin
barbaadan. Waan ta’eefuu, sirni seeraa kabajamaa ta’e kun itti fufiinsa akka qabaatuu fi
hawaasnis sirna haqaa irraa waan argachuu qabu argachuun amantaa akka horatuuf sirna
sadarkaa naamusaa ogeessi bakka hojiittis ta’e bakka hojiin alatti kabajuu qabu murteessu
diriirsuun barbaachisaa dha.
Dhaabbileen haqaa ogeessota naamusa gaarii qabaniin kan hin gurmoofne yoo ta’e tajaajila
loogii irraa bilisa ta’ee fi haqa qabeessa ta’e kennuu hin danda’an. Osuma kan danda’an
ta’eellee, amantaa uummataa yoo hin qabaanne faayidaa hin qabu. Haqni kennamuun qofti gahaa
osoo hintaanee haqxi kennamuun isaas mul’achuu qaba kan jedhamus kanumaafi.
Dhaabbileen haqaa, dhugooma haqaaf dhaabbachuu isaanii hawaasni kan hubatu ogeessonni
dhaabbilee kanniin keessa hojjetan marti hojii hojjetanii fi tajaajila kennan keessatti naamusa
gaarii namoota biroof fakkeenya ta’uu danda’u yoo agarsiisani dha.
Kanaafuu,lammiileen ol’aantummaa seeraatti akka amananii aadaa dimokiraasiitiin waldhabdee
hiikuu akka danda’aniif dhaabbileen haqaa ogeessota naamusa gaarii qaban yoo qabaate dha.
Kana irraa ka’uun ciminnii fi fudhatamummaan dhaabbilee haqaa naamusa gaarii abbootiin
seeraa ykn abbootiin alangaa qaban irratti kan hundaa’e dha yoo jenne gurra guddisuu hin ta’u.
22
Bara 2007tti malaammaltummaa ilaalchisuun gabaasni Transparency International jedhu akka
agarsiisutti, “malaammaltummaan kutaawwan addunyaa baayyee keessatti haqni akka hin
dhugoomneef keessumaa ammoo namoonni yakkaan miidhamanii fi himataman mirga abbaa
seerummaa haqa qabeessaa fi loogii irraa bilisa ta’e argachuu akka hin kabajamneef sababa ta’uu
ibsa.”7 Rakkoon kun biyya keenya keessas haala walfakkaataa ta’een kan jiru waan ta’eef
ogeessota seeraa naamusa gaarii qabaniin rakkoo malaammaltummaa fi hojimaata badaa
dhaabbilee haqaa hundeedhaan dhabamsiisuu barbaada.
Hawaasa keessatti abbootiin seeraa fi abbootiin alangaa calaqqee naamusa gaarii waan ta’aniif
mirgoonni isaanii kabajamuudhaa yoo baatan gara qaamolee haqaa dhaqu. Waan ta’eefuu, loogii
tokko malee hojjechuun amantaa argachuu qabu. Hawaasni qaamoleen haqaa
malaammaltummaa irraa bilisa miti jedhee amanuudhumti mataa isaatiin balaa dha.
Ol’aantummaa seeraa irrattis ta’e haqaa irratti hawaasni shakkii kan qabu taanaan misoomnis
ta’e dimokiraasiin hin yaadamu. Innumaa,malaammaltummaati babal’ata malee. Waan ta’eefuu,
naamusni ogummaa misoomaafis ta’e dimokiraasiif akkasumas bulchiinsa gaarii dhugoomsuuf
shoora ol’aanaa kan qabu dha.
Sirni haqaa akka waliigalaatti hundee cimaa fi amansiisaa ta’e irra dhaabbatee
nageenyi,dimokiraasii fi ol’aantummaan seeraa itti fufaa fi amansiisaa ta’e wabii argachuu kan
danda’u abbootiin seeraa fi abbootiin alangaa haqaan, ofitti amanamummaan,
malaammaltummaa fi firooma irraa bilisa ta’anii hawaasa keessatti naamusa ol’aanaan beekaman
yoo qabaate dha.
Sanadni ibsa qajeeltoowwan naamusa abbaa seerummaa Baangiloor irratti kenname yaada kana
akka itti aanutti ibseera:
A judiciary of undisputed integrity is the bedrock institution essential for ensuring
compliance with democracy and the rule of law. Even when all other protections
fail,it provides a bulwark to the public against any encroachments on its rights and
freedoms under the law.
7 Transparency International,Global Corruption Report 2007
23
Kana irraa waanti hubannu, abbaan seerummaa haqa qabeessummaa fi haala madaalawaa
ta’een hojjetu dimokiraasii fi kabajamuu ol’aantummaa seeraaf murteessaa waan ta’eef
mirgoonnii fi bilisummaawwan bu’uuraa uummataa yommuu muulqamanitti kabajamuu
mirgootaa fi bilisummaawwan kanaaf akka wabii dhumaatti kan gargaaru dha. Itti
gaafatamummaa guddaa kana abbaan seerummaa baachuu kan danda’u ogeessota naamusa
gaariin bocaman yoo qabaate akka ta’e kan nama walgaafachiisu miti. Waan ta’eefuu,
ogeessonni seeraa amaloota olitti tarreeffaman kanniin akka horatanii fi amala yaraa ta’e
irraa akka of fageessan gochuuf naamusa ogummaa beekanii itti amanuun hojiirra oolchuu
qabu.
Akkuma Heera Mootummaa Rippaabilika Dimokiraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa
keewwata 9(2) jalatti tumamee jiru abbootiin seeraa fi abbootiin alangaa Heera
mootummaa kabajanii kabachiisuuf dirqama qabu. Keessumatti ammoo mirgootaa fi
bilisummaawwan bu’uuraa keewwata 13 jalatti ibsaman kabajuu bira darbee kabachiisuuf
dirqama waan qabaniif dirqamoota heerawaa ta’an kanniin sirriitti bahachuuf itti
gaafatamummaa ogummichi barbaaduun ala akka hin hojjenne qajeeltoowwan naamusa
ogummaan isaanii ittiin gaggeeffamu sirriitti beekuu fi hojiirra oolchuun irraa eegama.
Kutaa kana keessatti,
1. Ogummaan hojii faayidaa argamsiisu hojjechuuf ykn tajaajila tokko kennuuf
beekumsa,dandeettii fi ilaalcha addaa kan gaafatuu fi kunis barumsaan ykn
muuxannoon kan argamu ta’uu;
2. Bu’aa dhumaa ogummaan tokko argamsiisuu barbaade milkeessuuf danbii
naamusaa ogummichi ittiin gaggeeffamuu qabu qabaachuu akka qabu;
3. Ogummaan seeraa lubbuu fi qabeenyaa namootaa irratti murtii kan dabarsu waan
ta’eef naamusa ogummaa akka barbaachisu;
4. Ogummaan abbaa seerummaa fi abbaa alangummaa naamusa ogummaa ittiin
gaggeeffamu akka barbaadu ilaalleerra.
Gaaffilee Marii
24
1. Ogeessi tokko dirqamni inni gama ogummaa isaatiin bahachuu qabuu fi naamusni
inni dhuunfaa isaatiin hordofu walitti yoo bu’e maal gochuu qaba? Naamusni
ogummaa isaa fi dirqamni seeraan taa’e jiru walitti yoo bu’ehoo?
2. Dirqamni ogummaa ogeessi seeraa maamila isaaf qabu tokko waan maamilli
barbaadu hunda gochuu dhaa? Waan maamilli barbaadu hunda kan hin goone yoo
ta’e, ogeessichi maamila isaaf tajaajila ogummaa kenneera jechuun ni danda’ama?
3. “Ogeessonni biroo ogummaa isaanii kaayyoo fi bu’aa hin barbaachifneef kan
oolchan yoo ta’e, ani qofaankoo nan kabaja yoon jedhe of miidhuun ala jijjiiraman
fidu hin jiru. Waan ta’eefuu, dirqama ogummaakee kabaji jechuun miidhami jechuu
waan ta’eef hiikoo hin qabu “ jechuun namoonni yaada dhiheessan ni jiru.
Qaphxiiwwan deggersaa fi mormii dhihaachuu danda’an kaasuun mari’adhaa!
Kutaa Lama
2. Naamusa Ogummaa Abbaa Seerummaa ykn Abbaa Alangummaa: Waliigalaan
Kaayyoowwan gooree
Leenjifamtoonni kutaa kana yoo xumuran:
1. Naamusa ogummaa abbaa seerummaa fi abbaa alangummaa murteessuuf
hojiiwwan gurguddoo sadarkaa addunyaa fi biyyoolessaatti hojjeetaman ni ibsu
2. Maalummaa qajeeltoowwan naamusa siivil sarvisiin biyya keenyaa ittiin
gaggeeffamu kudha-lamaanii ni ibsu
3. Galmi dhumaa (duudhaan) danbii naamusa abbootii seeraa fi abbootii alangaa
maal akka ta’e ni ibsu
4. Bilisummaa abbaa seerummaa mirkaneessuuf amaloota naamusa ogummaa
abbootii seeraa irraa eegaman adda baasanii hojiirra oolchuu ni danda’u
5. Bilisummaa ogummaa mirkaneessuuf amaloota naamusa ogummaa abbaa alangaa
irraa eegaman adda baasanii hojiirra oolchuu ni danda’u
6. Amala abbaa seerummaa loogii malee hojjechiisuu danda’u adda baasanii hojiirra
oolchuu ni danda’u
7. Amala abbaa alangummaa loogii malee hojjechiisuu danda’u adda baasanii
hojiirra oolchuu ni danda’u
25
8. Hojii murtii haqummaan hojjechuuf amaloota naamusa ogummaa abbaa seeraa
irraa eegaman hubatanii hojiirra oolchuu ni danda’u
9. Abbaa alangummaan haqummaan hojjechuuf amaloota naamusa ogummaa abbaa
alangaa irraa eegaman hubatanii hojiirra oolchuu ni danda’u
10. Amaloota fayyaalummaa ibsuu danda’an kan abbaan seeraa kabajuu qaban
hubatanii hojiirra oolchuu ni danda’u.
11. Amaloota fayyaalummaa ibsuu danda’anii kan abbaan alangaa kabajuu qaban
hubatanii hojiirra oolchuu ni danda’u.
12. Hojii abbaa seerummaa keessatti barbaachisummaa kaka’umsaa fi tattaaffiin
hojjechuun qabu ni hubatu. Hojii isaanii fuuladuraa keessattis kanumaaf of
qopheessu.
13. Hojii abbaa alangummaa keessatti barbaachisummaa kaka’umsaa fi tattaaffiin
hojjechuun qabu ni hubatu. Hojii isaanii fuuladuraa keessattis kanumaaf of
qopheessu.
Cita-kutaa Tokko
2.1. Naamusa Ogummaa Abbaa Seerummaa fi Abbaa Alangummaa Barreeffamaan
Qopheessuuf Muuxannoo Akka Addunyaa fi Akka Biyyaatti Jiru
Tajaajila abbaa seerummaa fi haqa laachuun dhalli namaa waliin jiraachuu fi garaagarummaa
isaa karaa nagaan hiikkachuu erga jalqabee as kan ture dha yoo jenne kan dogoggorre hin ta’u.
Namoonni waliin yoo jiraatan karaa tokkoonis ta’e karaa biraatiin waldhabdeen jidduu isaaniitti
yoo uumamu addaan baatee furuu fi haqa dhuga qabeessa ta’e argachuuf jecha qaamota murtii
kennan duratti dhihaachuun murtii haqa irratti hundaa’e akka isaaniif kennan barbaaduun isaanii
durumaan qabee kan ture ta’uu tilmaamuun ni danda’ama. Kanumaan walqabatee ogeessonni
bulchiinsa haqaa keessa jiran tajaajilamtoonni kan fedhan tajaajila abbaa seerummaa haqaa fi
dhugaa irratti hundaa’e akka kennaniif abbootii seeraa haqummaa fi dhugummaan hojjetan kan
barbaadan ta’uun dubbii dhugaa kana waliin uumame dha. Fedhii kana waliin walqabatee
sadarkaa naamusa abbootii seeraa kaa’uun yeroo sanaa jalqabee uumamuun guddachaa kan
dhufe dha yoo jedhame dogoggora hinta’u. Seera durii jedhamuun baay’ee kan beekamu seerri
Hamuraabiillee abbootiin seeraa gocha matta’aa fudhachuu fi aangoon gar malee fayyadamuu
irraa of daangessuu akka qaban ni tuma. Kitaabilee qulqulluu amantaawwanii yoo ilaalles
26
haaluma walfakkaatuun namoonni hojii haqaa irratti itti gaafatamummaa qaban matta’aa
fudhachuu,loogii fi dabummaa irraa kan fagaatan ta’uu akka qaban kaa’u.
Abbootiin seeraa naamusaan geggeeffamuun murtiin isaan kennan dhageettii akka qabaatu,
rakkoo keenya yoo itti dhiheeffanne loogii tokko malee sirriitti haqa nuuf laatu amantaa jedhu
uummata irraa akka argatan, seera qofatti amanuun sodaa fi dhiibbaa tokko malee akka jiraatan
gochuu keessatti gahee inni qabu guddaa dha8.
Qajeeltoowwanii fi danbii naamusaa ogeessonni sektera haqaa irra hojjetan ittiin gaggeeffaman
bocuu ilaalchisee guddinni isaa maal akka fakkaatu ilaaluu fi xiinxaluun yeroo dheeraa fi
qorannoo kan gaafatu dha. Kana ilaalchisuun leenjifamtoonni ofuma isaaniitiin qorannoo yoo
gaggeessan bu’aa kan argatan akka ta’e shakkisiisaa miti. Haa ta’u malee moojuuliin kun
qajeeltoowwanii fi danbiiwwan naamusaa sadarkaa Addunyaatti jiran murteessuuf yaaliiwwan
taasifamanii fi sadarkaa irra gahanii fi Itoophiyaa keessatti gama danbii naamusaa
qopheessuutiin hojiiwwan hojjetaman gabaabinaan ilaaluu qofa irratti xiyyeeffata.
2.1.1. Naamusa Ogummaa Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaa Qopheessuuf
Muuxannoo Sadarkaa Addunyaatti Jiru
Abbootii Seeraa Ilaalchisee:-
Sadarkaa addunyaatti qaama abbaa seerummaa bilisaa fi cimaa ta’e akka jiraatuuf kunis qaamni
abbaa seerummaa dhiibbaawwan adda addaa irraa eegamuun tajaajila abbaa seerummaa karaa
gahumsaa fi bu’a qabeessummaa qabuun akka kennuuf bilisummaa dhaabbatichaa mirkaneessuu
ilaalchisee qajeeltoowwan akka addunyaatti hundeessuuf yeroowwan adda addaatti yaaliiwwan
garagaraa kan gaggeeffaman ta’uu hubatamuu qaba.
Akka Lakkoofsa Awurooppaatti bara1981tti wixineen qajeeltoowwan Sirakuuzaa jedhamuun
beekamu bilisummaa manneen murtii ilaalchisee sanada dhihaatee ture yoo ta’u innis manneen
murtiif bilisummaan kan barbaachisu ta’uu kan tumu dha. Sanadni kun kan qophaa’e Waldaa
Seera Yakkaa Addunyaa,Waldaa Hayyoota Sirna Seeraa Addunyaa (International Association of
8 Alamaayyoo Hayilee, Itoophiyaa keessatti Naamusa Abbootii Seeraa fi Guddina Isaa ,Yaadannoo
Gabaabduu,Barreeffama Seeraa fi Haqaa,Jil.1,Lak.1,Bitootessa 1981,F.22.
27
Jurists), fi Wiirtuu Bilisummaa Abbootii Seeraa fi Ogeessota Seeraa (Center for Independence of
Judges and Lawyers) ni dha.
Kanatti aansuun, Akka Lakkoofsa Awurooppaatti bara 1982 tti Waldaan Ogeessota Seeraa
Addunyaa (International Bar Association) Istaandardii Isa xiqqaa Bilisummaa Abbaa
Seerummaa (Minimum Standards of judicial Independence) jedhamuun kan beekamu danbii
bilisummaa abbaa seerummaa raggaasiseera.
Kun kanaan osoo jiruu Akka Lakkoofsa Warra Awurooppaa bara 1985tti Mootummoonni
Gamtooman walgahii Waliigalaa taasiseen sanada Qajeeltoowwan Bu’uuraa Bilisummaa Abbaa
Seerummaa raggaasisuun sana irratti hundaa’uun biyyootni bilisummaa manneen murtiif wabii
seeraa akka kennan,bilisummaa abbaa seerummaa akka kabajanii fi akka eegsisan
yaadachiiseera9. Sanadni kun seensa isaa irrattis abbootiin seeraa lubbuu, bilisummaa, mirga,
dirqama fi qabeenyaa irratti murtii dhumaa kennuuf aangoon kan kennameef waan ta’eef, hojii
isaanii bilisummaa guutuun hojjechuun dhimma filannoo hin qabne ta’uu ibsuun abbootiin
seeraa dhimma dhihaatan kamiyyuu yommuu qoratan dhiibbaa, sossobbaa, sodaachisaa fi jiddu
lixummaa kallattiinis ta’e alkallattiin itti dhufu dandamachuun daangaa tokko malee ijoo dubbii
fi seera jiru qofa irratti hundaa’uun murtii kennuu akka qaban ni hubachiisa10
Kana bira darbees, Akka Lakkoofsa Awurooppaatti bara 2000tti malaammaltummaa ittisuu fi
sana irraa darbees dhabamsiisuuf akkasumas madaalamummaa sirna abbaa seerummaa
mirkaneessuuf imaammanni gargaaru Mootummoota Gamtooman jalatti wiirtuu bilisummaa
abbaa seerummaa fi ogeessota seeraan garee eksipertootaa hundaa’een dhihaatee ture11. Itti
dabalees, kutaalee addunyaa baayyee keessatti sadarkaa ardiiwwaniitti bilisummaa abbaa
seerummaa ilaalchisuun waliigalteewwan hedduun taasifaman akka jiran osoo hin caqasiin bira
hin dabarru.12
9 Seensaa fi keewwata 1ffaa, Sanada Qajeeltoowwan Bu’uuraa Abbaa Seerummaa Walgahii Waliigalaa
Mootummoota Gamtoomaniin bara1985 ragga’e ilaalaa! 10
Akkuma 9ffaa
, keewwata 2. 11
Ibsa Qajeeltoowwan Naamusa Abbaa Seerummaa Baangiloor Ilaalaa! 12
Akkuma 11ffaa.Fakkeenyaaf, Qajeeltoowwan Bu’uuraa Bilisummaa Abbaa Seerummaa Beejingii Hagayyaa 1997,sanada gaayidlaayinii Laatimeerii fi Chaarterii abbootii seeraa Gamtaa Awurooppaa bara 1998 kaasuun ni danda’ama.
28
Gama kanaan sochiiwwan yeroo adda addaatti godhaman keessaa sanadni dambii naamuusa
abbootiin seeraa ittiin qajeelfaman haala guutuu fi gadi fageenya qabuun yeroo duraaf teechisuuf
yaale qajeeltoowwan naamusa abbaa seerummaa Baangiloor akka ta’e hubatamuu qaba.
Bitootessa bara 2000tti, Mootummoonni Gamtooman walgahii 10ffaa Veenaa Oostiriyaatti
gaggeesseen ajandaa ittisa yakkaa fi qabinsa hidhamtootaa irratti yommuu mari’ate,
hooggantoonnii fi abbootiin seeraa muuxannoon dursan manneen murtii biyyoota 9 naannawaa
Afirikaa, Eesiyaa, fi Paasifik irraa walitti bahan kan hirmaatan yoo ta’u, hirmaattonni kunniinis
dhaabbilee isaanii sirna qabsiisuun itti gaafatamummaa mirkaneessuuf sadarkaa addunyaatti
qajeeltoowwan naamusaa abbootiin seeraa ittiin gaggeeffaman baasuun barbaachisaa akka ta’e
itti amanuun kanaafis sanada qabiyyeen isaa addunyaalessa ta’e qoratee akka dhiheessuuf garee
judiiishaal inteegiritii (Judicial Integrity Group) jedhu hundeessuun itti gaafatamummaa
kenneefi.
Kana gochuuf dhimmi guddaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kakaase biyyoota adda
addaa keessatti amantaa uummanni manneen murtii irraa qabu sababa malaammaltummaa fi
loogiin hojjechuu irraa kan ka’een yeroo gara yerootti xiqqaachaa akka deeme bu’aawwan
qorannoo adda addaa kan agarsiisan ta’uu barreeffamoonni garagaraa ni ibsu.
Gareen Judiishaal Inteegiriitii (Judicial Integrity Group) jedhamuun beekamus wixinee danbii
dhihaate erga qorateen booda duudhaalee fi qajeeltoowwan gadifageenyaan kaa’uun Akka
Lakkoofsa Awurooppaatti, Guraandhala bara 2001tti walgahii biyya Indii, Baangilooritti
ispoonserummaa komishinii mirga namoomaa Mootummoota Gamtooman jalatti argamuun
taa’een Wixinnee Danbii Naamuusa Abbootii Seeraa Baangloor mirkaneesseera. Kana boodas,
wixineen danbii kun walgahii waliin abbootii seeraa Gamtaa Awurooppaan Waxabajjii bara
2002tti taa’ameen yaadaan akka gabbatu ta’eera. Dabalataanis, Muddee bara 2002tti
hooggantoonni manneen murtii biyyoota sirna seeraa siivilii hordofan (Biraazil, Rippaabilikii
Cheek, Misira, Faransaay, Meekisiikoo, Moozaambik, Hoolaand, Noorweyii, fi Filippiinsi)
bakka jiranitti mariin bal’aa irratti gaggeeffameera. Marii kana irrattis abbootiin seeraa sirna
seeraa koomanii fi siivilii duudhaalee fi qajeeltoowwan danbichaa irratti baay’inaan waliigaluun
dhimmoota muraasa qofa irratti addaan baatee xiqqoo ta’e mul’ateera.
29
Dhimmoota addaan baateen irratti mul’atan keessaa akka fakkeenyaatti kanneen armaan gadii
kaasuun ni danda’ama:
Inni duraa, duraa duubummaa qajeeltoowwan naamusaa ti. Bilisummaan,
alloogummaa, fi ejjennoo cimaa qabaachuu fi walqixxummaan dura dhufuu fi dhiisuu
ilaalchisee addaan baateen tureera.
Maqaan danbii naamusaa Koodii (Code) jedhamee waamamuu isaa. Sababni isaa,
jechi koodii jedhu biyyoota sirna seeraa siivilii hordofan biratti sanada seera guutuu
ta’e bakka tokkotti qabatee jiru jechuu waan agarsiisuuf danbiin naamusaa ammoo
kana irraa adda waan ta’eefi.
Galiin maatii abbootii seeraa hojii isaanii wajjin hanga
walitti hin buunee fi loogiin akka murteessan hanga hin goonetti dirqamatti beekuun
maaliif barbaachise gaaffii jedhu biyyootni Sirna Seera Siiviliii hordofan gaafataniiru.
Seensa sanadichaa irratti maddi aangoo abbaa seerummaa
hawaasni qaamni abbaa seerummaa ija qajeeltoo gaarii ykn sirrii fi badaa ykn
dogoggora hin taaneen ilaalee abbaa seerummaa haqummaa qabu ni kenna jedhee
waan amanee fudhatuuf yaadni jedhu gaaffii uumeera. Kana irratti abbootiin seeraa
biyyoota sirna seeraa siivilii hordofan bu’uurri aangoo abbaa seerummaa Heera
mootummaa ti bifa jedhuun akka fooyyaa’uu abbootiin seeraa biyyoota Sirna Seeraa
Siivilii gaafataniiru.
Akka sirna seeraa koomaniitti abbaan seeraa dhaddacha irraa ka’uu qabu tokko
gareewwan walfalman abbaan seeraa sun akka itti fufu waliigallan abbichi seeraa sun
itti fufuu akka danda’u kan ibsame ta’us, yaadni kun sirrii akka hin taane biyyoonni
sirna seeraa siivilii hordofan mormaniiru. Walitti dhufeenya firooma fuudhaa fi
heerumaan ykn waan biraan hundaa’u danda’u hambisuu irra haalli akkasii yoo
mudate abbaan seeraa tokko ofuma isaatiin abbaa seerummaa irraa of kaasuu akka
qabus gaafatameera.
Hundaa ol garuu, dhimmi guddaan falmisiisaa ture dhimma hirmaannaa siyaasaan walqabatu
ture. Biyya Awurooppaa tokko keessatti abbootiin seeraa miseensummaa siyaasaan akka
filataman seerri tumu ni jira. Biyyoota Awurooppaa muraasa keessatti ammoo abbootiin seeraa
siyaasa keessa galanii dorgomuun miseensa mana maree ta’anii hojjechaa hojii abbaa
30
seerummaas biratti hojjechuu akka danda’an, ykn ammoo miseensa mana maree ta’anii yeroo
hojjetan qofaaf hojii abbaa seerummaa irraa akka turan godhu. Gama kanaan biyyoonni sirna
seeraa siivilii hordofan abbootiin seeraa siyaasa keessatti hirmaachuu kan danda’an ta’uu fi
dhiisuu irratti waliigalteen addunyaawaa ta’e waan hin jirreef biyyootumti akkuma mataa-mataa
isaaniitti akka bulchan haa ta’u jedhamee waliigalameera. Haa ta’u malee, abbootiin seeraa
sochii siyaasaa hojii isaanii bilisummaan ykn loogii malee akka hin hojjenne isaan taasisu irraa
of qusachuu akka qaban waliigalteen jira13.
Kana booda dha egaa sanadni Baangiloor:
Bilisummaa abbaa seerummaa eeguu
Loogii irraa bilisa ta’uun madaalamummaan hojjechuu
Ejjennoo cimaa qabaachuu
Garraamummaa(qininnet)
Walqixxummaa
Gahumsaa fi kaka’umsaan hojjechuu qajeeltoowwan bu’uuraa naamusa abbaa
seerummaa ta’uun kan bocame jechuun ni danda’ama.
Sanadni kun Ebla bara 2003tti Komishinii Mirga Namoomaa Mootummoota Gamtoomaniif
dhihaatee kan ture yoo ta’u, innis biyyoonnii fi dhaabbileen adda addaa wixinicha akka
madaalaniif affeeree ture. Ebla bara 2006tti ammoo Komishiniin ittisaa fi bulchiinsa yakkaa
Mootummoota Gamtoomanii biyyootni miseensota dhimmoota dinagdee fi hawaasummaa
Addunyaa (ECOSOC) ta’an manneen murtii isaanii sanadicha ka’umsa godhachuun danbii
naamusa abbootii seeraa akka baasan ykn akka fooyyeessan gaafateera. Bu’uuruma kanaan,
Adoolessa bara 2006tti Mootummoota Gamtoomanitti Kaawunsiliin Dhimmoota Dinagdee fi
Hawaasummaa Qajeeltoowwan Naamusa Abbaa Seerummaa Baangiloor jechuun murtii
lakkoofsa ECOSOC 2006/23 godhee sanaadicha raggaasiseera14.
Ogeessota Abbootii Alangaa Ilaalchisee:
Gurmaa’insii fi ga’ee abbootiin alangaa bulchiinsa sirna haqa yakkaa keessatti qaban biyyaa
biyyatti garaagara waan ta’eef yeroo dheeraaf qajeeltoo naamusaa amala addunyaawaa qabu
13
Qajeeltoowwan Naamusaa Baangiloor Fuula 13-14. 14
Akkuma 13ffaa.
31
haala walfakkaataa ta’een baasuun rakkisaa ta’ee tureera. Haa ta’u malee,yeroo dhihootiin asitti
danbiin naamusaa abbootiin alangaa ittiin gaggeeffaman akka bahuuf haalawwan dhiibbaa
garagaraa uuman mul’achaa kan dhufan yoo ta’u,kanneen keessaa waantota lama fakkeenyaaf
kaasuun ni danda’ama.
Dursa, biyyootni addunyaa gara garaa waliigalteewwan mirga namoomaa adda addaa kan
mallatteessan yoo ta’u, waliigalteewwan kanniin akka kabajamaniif hirmaannaa guddaa fi gahee
abbootii alangaa gaafatu. Chaarterii Mootummoota Gamtoomanii fi Ibsa Waliigalaa Mirgoota
Namoomaa (UDHR) bira darbee hirmaannaa abbootii alangaa waliigalteewwan mirga
namoomaa barbaadan kan akka waliigaltee addunyaa Mirgoota Siivilii fi Siyaasaa, gochaawwan
alnamoomaa (inhumane treatment) hambisuuf ba’an, mirgoota daa’immanii fi kkf maqaa
dhahuun ni danda’ama.
Waliigalteewwan kunniin qabinsa mirga namoomaaf faayidaa guddaa kan qabanii fi mirga
namoota murtiin dura qabamanii fi himatamanii kan tumanidha. Fakkeenyaaf, namoonni
yakkaan shakkamanii to’annoo jala oolan dafanii mana murtiitti akka dhihaatan (waliigaltee
Addunyaa Mirgoota Siivilii fi Siyaasaa, kwt.9 (3)), akkasumas haala haqummaa qabuun murtii
argachuu fi mirga ofirraa ittisuu (Waliigaltee Addunyaa Mirgoota Siivilii fi Siyaasaa,kwt.14)
maqaa dhahuun ni danda’ama. Kanatti dabalees, abbaan alangaa qaama loogii malee hojjetu
waan ta’eef, adeemsa qorannoo yakkaa keessatti mirgi namoota to’annoo jala oolanii yommuu
kabajamuu dhabu,qaamni qorannoo gaggeessu sirreessuu akka qabu tarkaanfii fudhachuu
danda’a (Waliigaltee Addunyaa Mirgoota Siivilii fi Siyaasaa,kwt.6(1) fi 7;Ibsa Waliigalaa
Mirgoota Namoomaa,kwt.3 fi 5;waliigaltee gochaawwan alnamoomaa ta’an dhorku,kwt.15).
Waliigalteewwan olitti tarreeffaman kunniin amala dirqisiisummaa kan qabanidha. Amala
addunyaawaa qabaachuun garuu ammoo dirqisiisoo kan hin taanes akka jiran hubachuun
barbaachisaa dha. Fakkeenyaaf, Akka Lakkoofsa Warra Awurooppaa bara 1990tti gahee
abbootii alangaa ilaalchisee qajeelfama Mootummoota Gamtoomaniin ragga’e ilaaluun ni
danda’ama. Qajeelfamni kun qajeeltoowwan hojii fi duudhaalee naamusaa abbootiin alangaa
ittiin gaggeeffaman of keessatti kan qabate dha. Tumaaleen qajeelfama kanaa mootummoolee
irratti humna dirqisiisummaa kan hin qabne ta’anus, yaada mootummaalee waan ibsaniif
walhubatanii waliin hojjennaan itti gaafatamummaa dhaqqabsiisuu danda’u.
32
Lammeffaa irratti dhimmi danbii naamusa abbootii alangaa amala addunyaawaa qabu akka
diriiruuf sababa ta’e yakkoonni daangaa biyyaa qaxxaamuran (cross boundry crimes)
babal’achaa waan dhufaniifi. Yakkoota akkasitti qindaa’an kana ittisuufis ta’e to’achuuf
gargaarsa abbootii alangaa biyyoota adda addaa keessa jiran kan gaafatu waan ta’eef qabsoo
gama kanaan godhamu bu’a qabeessa taasisuuf danbii naamusa ogummaa abbootii alangaa
waliin qopheeffachuun barbaachisaa ta’a. Yaada kana irraa ka’uun Gamtaan Awurooppaas, seera
gahee fi naamusa abbaa alangaa ibsu “Recommendation on the Role of Public Prosecution in the
Criminal Justice system”jedhamuun beekamu baaseera.
Abbootiin alangaas walgargaaruun akka isaan barbaachisu hubachuun Akka Lakkoofsa
awurooppaatti bara 1999 Waldaan Abbootii Alangaa Addunyaa, qajeelfama ”Standards of
Professional Responsibility and Statement of the Essential Duties and Rights of
Prosecutors”jedhamuun beekamu baaseera. Qajeelfamoota olii lamaan irratti akkuma ibsame
abbootiin alangaa dirqama hojii isaanii yommuu bahatan alloogummaa, haqummaa,
madaalawummaa, fi bilisummaa fi itti gaafatamummaan hojjechuu akka qaban ibsu.
Dhuma irratti, qaphxiin osoo hin ibsamiin bira darbamuu hin qabne qaama raawwachiiftonni
yommuu seera kabachiisan maal hordofuu akka qaban qajeelfamni “UN Code of Conduct for
Law Enforcement Officials” jedhu Mootummoota Gamtoomaniin Muddee bara 1979 qophaa’ee
ragga’eera. Qajeelfamni kun qaamoleen seera kabachiisan tajaajiltoota uummataa fi itti
waamamni isaaniis uummataaf waan ta’eef, hojii isaanii yommuu hojjetan dirqama ogummaa
isaanii bahachuu akka qaban; kana biras darbee hojii isaanii keessatti humna kan fayyadaman
hanga barbaachisaa ta’e qofaa fi gocha gara jabina qabu irraa akka of qusatanii fi raawwatee yoo
argames callisanii akka hin dhiifne ni ibsa.
2.1.2. Naamusa Ogummaa Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaa qopheessuuf
Sadarkaa Biyya Keenya, Itoophiyaatti Hojiiwwan Hojjetaman
Sanadoota durii Itoophiyaa keessaa waa’ee naamusa ogummaa abbootii seeraa of keessatti
qabatee kan jiru Fiitaa negasti dha. Dhimmootni sanada kana keessatti ibsaman tokko tokko
maqaa dhahuuf:
Abbaan seeraa muudamu kan barate ta’uu qaba malee kan hin baranne ta’uu hin qabu;
Hubataa fi qalbi qabeessa ta’uu qaba;
33
Murtii ajaja irraa, ajaja murtii irraa adda baasee kan beeku; beekumsa gahaa kan
qabu;wallaalummaa irraa kan fagaate;
Abbootii seeraa fi ragoolee namaaf dhugummaa malu qabaachuu;
Gocha saalfachiisuu fi qaanii ta’e irraa haa fagaatu;
Dafee jaallatamuu irra dafee kan baratu;nama tokkollee jaallachuuf suuta kan jedhu haa
ta’u;
Yeroo haariitti kan obsu;fuula namaa ilaalee wal caaalchisuu irraa kan fagaate haa ta’u;
Erga addaan ba’anii boodallee taanaan, namoota wal dhaban keessaa tokko hambisee isa
biraa ofitti simachuu hin qabu;
Murtii hedduu murteessuu irraan kan ka’e nuffee jira yoo ta’e hin murteessiin;
Isa tokkoon taa’ii isa biraan ammoo dhaabadhuu dubbadhu jechuu hin qabdu;
Dhimma nama tokkoo dhaggeeffatee kan nama biraa cal jechuu hin qabu;
Gareen biraa sababa akka hin uumneef garee tokkoof gurra hin kenniin;
Ofiif hin murteessiin; ani ofiif abbaa seeraa dha hin jedhiin. Abbaaf,haadhaaf,ijoollee
isaaf,ijoollee ijoollee isaaf,obbolaan isaaf,haadha manaa isaaf abbaa seerummaa hin
kenniin;
Diina isaaf murteessuu hin qabu; na sodaateeti waan jedhuufi. Itti murteessuus hin qabu
aaloo isaa natti bahuuf waan jedhuufi15.
Sirni seeraa jabanaa Itoophiyaa erga eegalee walakkaa jaarraa ol ta’eera. Haa ta’u malee, qophii
danbii naamusaa ilaalchisee sanadni kana jedhamu hin argannu. Kanas ta’u, tumaaleen naamusa
ogummaa ilaallatan seerota adda addaa keessa asii fi achi bibittinnaa’anii jiru. Gama kanaan
waanti akka fakkeenyaatti ka’u, abbootiin seeraa dhimma firoota isaanii ta’e irratti abbaa
seerummaan ilaaluu kan hin dandeenye ta’uu,dhimma murtiif dhihaate irratti abukaatoon fira
abbaa seeraa yoo ta’e abbaan seeraa sun dhimmicha falmisiisuu kan hin qabne ta’uu labsii
lakkoofsa 195/1955,kwt.16(1) jalatti tumamee jira. Labsii lakkoofsa 323/65’n Gumiin Bulchiinsa
Abbootii Seeraa hundaa’eera; naamusa ilaalchisee qajeelfama baasuu akka danda’us aangoon
kennameefi. Kanuma ka’umsa godhachuun Gumiin Bulchiinsa Abbootii Seeraa qajeelfama
15
Akkuma 14ffaa, Fuula 23.
34
qaphxiilee 22 qabate baaseera. Haa ta’u malee, sadarkaa qajeelfamaatti bahee waan tureef
abbootii seeraas ta’e uummata biratti akka gaariitti kan beekame hin turre16.
Akka Lakkoofsa Itoophiyaatti bara 1968tti labsiin lakkoofsa 52/68 yoo labsamu naamusa
ilaalchisee qajeelfamoota labsii lakkoofsa 323/65 keessatti hammataman kan qabate ta’us
bu’uura labsii kanaatiin qajeelfamni naamusaa bahe hin turre17. Danbiin naamusa abbootii seeraa
yeroo duraatiif bifa bakka tokkotti qindaa’een kan bahe bara 1981tti yoo ta’u, innis Manni Murtii
Waliigala Mootummaa RDUI tiin ture. Danbiin kun karaa abbootii seeraa Mana Murtii
Waliigalaa kan bahe ta’us,daangaan raawwii isaa garuu abbootii seeraa Mana Murtii Waliigalaa
qofa irratti osoo hin taane abbootii seeraa mana murtii idilee fi mana murtii Ol’aanaa Raayyaa
Biyyaa irrattidha.
Guddina tumaawwan seeraa naamusa abbootii alangaa ilaallatan yoo ilaalles kanuma abbootii
seeraa waliin kan walfakkaatu dha. Sirna hundeeffama mootummaa jabanaa Itoophiyaa irraa
kaasee abbaan alangaa fi manni murtii Ministeera Murtii jala bulu turan. Labsiin manneen murtii
fi abbootii alangaa gurmeessuuf bara1968 bahe garuu, qaamolee lamaanuu sadarkaa
walfakkaatuun kan gaggeessu Bulchiinsi Abbootii Seeraa Ministeera Murtiin hoogganamu
hundaa’ee ture. Qophiin qajeeltoowwanii fi qajeelfamoota abbootii alangaas kan mana murtii
irraa adda hin turre. Tumaaleen naamusa ilaallatan tokko tokko labsiiwwanii fi danbiiwwan
adda addaa keessatti tumamanii argamu. Abbootii seeraa ilaalchisee danbiin naamusaa inni
jalqabaa kan bahe bara 1981 yoo ta’u, abbootii alangaa ilaalchisee garuu danbiin naamusaa turee
bara 1991tti danbii abbootii alangaa hundeessuuf bahe keessatti walitti qabamee jira.
Naannoleenis federaala hordofuun haaluma walfakkaatuun danbii ittiin bulmaataa hundeessuun
hojiirra oolchaniiru.
Bara 1987ALI irraa eegalee biyya keenya keessatti tajaajila mootummaa akka waliigalaatti
fooyyeessuuf jecha Sagantaan Fooyyaa’insaa Siivil Sarvisii bocamee hojiiwwan hedduun kan
hojjetaman ta’uun isaa beekamaa dha. Sagantaa kana keessatti sagantaan xiqqaa bocamee ture
tokko sagantaa xiqqaa naamusaa yoo ta’u, sagantaa xiqqaa kana keessattis pirojeektiiwwan
qabamanii turan keessaa tokko danbii naamusaa qopheessuu dha.
16
Alamaayyoo Hayilee, Olitti yaadannoo Lak.8, F.24. 17
Akkuma 16ffaa.
35
Sagantaa xiqqaan fooyyaa’insa naamusaa barbaachisummaa naamusaa qaphxiilee itti aananiin
walqabsiisee akka itti aanutti ibseera18.
Naamusni fayyaa fi nageenya hawaasa tokkoo eeguuf murteessaa ta’uu isaa;
Seerotaa fi danbiiwwan beekanii hojii ogummaa ofii keessatti hojiirra oolmaa isaa
mirkaneeffachuuf naamusni bakka ol’aanaa kan qabu ta’uu isaa;
Gahumsa ogummaa eegsisuu fi fooyyeessuu keessatti naamusni gahee ol’aanaa
kan gumaachu ta’uu isaa;
Adeemsa kenna tajaajilaa keessatti sadarkaawwan naamusaa ol’aanaa ta’an
eegsisuu fi cimsuuf kan gargaaru ta’uu isaa;
Dirqama ogummaa amanamummaa, qajeelummaa,alloogummaa fi of eeggannoo
barbaachisaa ta’een akka ba’annu kan nu dandeessisu waan ta’eefi dha.
Sagantaa-xiqqaa fooyyaa’insa dhimma naamusaa keessatti qajeeltoowwan naamusaa kudha-lama
adda kan bahan yoo ta’u, qajeeltoowwan kanniin bu’uura godhachuudhaan wixineen
danbiiwwan naamusaa abbootiin seeraa fi abbootiin alangaa ittiin gaggeeffaman qophaa’aniiru.
Naannoleen muraasa ta’anis,jechuunis Tigiraay,Amaaraa,Oromiyaa fi Saboota,Sab-lammootaa,fi
Uummattoota Kibbaa qajeeltoowwan kanniin ka’umsa godhachuun danbii naamusaa kan
raggaasifatan yoo ta’u,sadarkaa federaalaatti garuu,sadarkaa wixinee irratti kan argamanidha19.
Qajeeltoowwan kunniinis kanneen armaan gadiiti.
Ejjennoo Cimaa Qabaachuu (Integrity)
Uummanni mootummaa ofii filatee fi hundeesse irraa maal barbaada? Hunda dura, mootummaa
inni amanu akka jiraatu barbaada. Uummanni mootummaa irraa amantaa yoo dhabe, hojiiwwan
mootummaan hojjetu hunda ija shakkiin waan ilaaluuf, mootummaadhaaf gargaarsa barbaachisu
gochuu irraa of qusata. Mirga isaa karaa seera qabeessa ta’een kabachiisuu manna karaa seeran
alaa akka filatu godha. Yaa soogiddaa yoo ofiif jette mi’aayi ta’uu baannaan dhagaa dha jedhanii
si gatuu akkuma jedhamu mara mootummaan uummanni amantaa akka irratti qabaatuuf maal
gochuu qaba? Tajaajila uummanni irraa barbaadu yeroo fi qulqullina barbaadamuun
dhiyeessuufii qaba. Haa ta’uutii mootummaa jechuun waan biraa jechuu osoo hin taane abbootii
18
Mootummaa Rippaabilika Dimokiraatawaa Federaalawaa Itoophiyaatti Maanuwaalii Leenjii Manneen Murtii Federaalaa, Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa, Ebla 1999, Finfinnee. 19
Sagantaa Fooyyaa’insa Naamusaa, Jildii 2.
36
taayitaa fi hojjettoota mootummaa manneen mootummaa keessa sadarkaa adda addaa irra
hojjetan jechuu dha. Waan ta’eefuu, mootummaan tajaajila qulqullinaa fi yeroo barbaadamu
keessatti kennuu kan danda’u karaa hojjettoota mootummaa fi abbootii taayitaatiin. Waan
ta’eefuu,hojjetaa mootummaa irraa maaltu eegama?
Bu’uura ogummaan sun barbaaduun hojicha qulqullinaa fi si’oomina barbaadamuun
hojjechuu dha. Haa ta’u malee, ogeessi tokko hojii isaa qulqullinaa fi si’oomina
barbaadamuun hojjechuuf yeroo hunda beekumsaa fi dandeettii isaa gabbifachuu fi
fooyyeessuuf cimuu qaba. Waanti ani beeke na gaha jechuu irra yeroo hunda beekumsas
ta’e ogummaa isaa cimsachuuf hojjechuu barbaachisa. Kana gochuu isaatiin hojii isaa
bifa qulqullinaa fi si’oomina qabuun waan hojjetuuf, tajaajilli mootummaa hawaasa garaa
gaha. Kun ammoo hawaasni mootummaa irratti amantaa akka qabaatu taasisa. Kanatti
dabalatee garuu,1) beekumsaa fi dandeettii isaa yeroo irraa yerootti gabbifachaa kan
deemu taanaan itti gaafatamummaa ol’aanaatiif of qopheessuu danda’a, filannoo hojiis
bal’isuufii danda’a, barbaadamummaan isaas ni dabala 2) Hojii isaa qulqullinaa fi yeroo
barbaadamu keessatti sadarkaa ogummichi gaafatuun hojjechuu isaatiinis boqonnaa
sammuu ni argata.
Saa’atii hojii mootummaa guutummaatti hojii mootummaaf oolchuu. Saa’atiin hojii
mootummaa guutummaatti hojii mootummaaf kan oolu taanaan tajaajilli barbaadamu
yeroo barbaachisu keessatti hawaasa tajaajilamu dhaqqabu. Kana jechuun garuu dirqama
waajjira keessa taa’uu jechuu miti. Hojiin waajjira keessatti ykn waajjiraan alatti
hojjetamuu danda’a. Ta’us sa’atii hojii itti qaxarame guutummaan guutuutti hojii
mootummaaf oolchuu qaba jechuu dha. Hojjetaan mootummaa sa’atii hojii, hojii
mootummaaf oolchuu isaatiin qofa boqonnaa sammuu argatuun biratti gaafa ji’aa mindaa
yoo fudhatu gatii dafqa isaatii waan ta’eef, itti gammada; bilisummaanis itti dhagahama.
Osoo hin hojjetiin kan kaffalamuuf yoo ta’e garuu hirkataa dha jechuu dha. Mindaan
eessaayyuu osoo hin taane uummata irraa bifa gibiraan walitti kan qabamu waan ta’eef
qabeenyaa uummataa balleessuu ta’a jechuu dha. Hojii fi dhamaatee isaatiin kan jiraatu
osoo hin taane, hirkataa ofiifuu jiraachuu hin dandeenye ta’a jechuu dha.
Qaamaa fi sammuu dadhabsiisuun hojjetaan mootummaa hojii isaa akka hin hojjenne
kanneen godhan kan akka baalaa fi dhugaatii sammuu adoochan irraa bilisa ta’uu qaba.
Kana yoo godhe qaamaa fi sammuu fayyaalessa ta’e waan qabaatuuf yeroo hojii isaa
37
sirriitti hojiirra oolchuu danda’a; beekumsaa fi ogummaa isaa barumsaan,leenjii fi
qo’annoo fi qorannoon gabbifachuu danda’a jechuu dha.
Jecha beekamaa kana beektu laataa?
“Waan namoonni isiniif akka godhan barbaaddan hunda isinis godhaafii;waan
namoonni isiniif akka hin goone barbaaddan hunda ammoo isinis namoota irratti Hin
raawwatiinaa!”
Haqummaa (Honesty)
Isin qabeenyaa adaraan namatti kennattan tokko namni sin itti kennattan sun sirriitti qabee siniif
akka tursiisu akka barbaaddan hin shakkisiisu.Uummannis aangoo fi qabeenyaa adaraan
mootummaatti laate sirriitti akka eeguuf barbaada. Hojjetaa mootummaa irraa dirqamni
naamusaa eegamu tokko haqummaa dha kan jedhames kanumaafi. Hojjetaan mootummaa haqa
qabeessa ta’e:
1. Waadaa seene ni kabaja; ni raawwata. Gowwoomsuu, waliin dhahuu, fi aangoon akka malee
daldaluu irraa of qusata.
2. Hojii isaan walqabatee ykn haala walqabachuu danda’uun kennaas ta’e keessummeessa
dhihaatuuf fudhachuu irraa of qusata.
3. Kennaas ta’e keessummeessa dhihaatuuf fudhachuun dura gara fuulduraatti hojii isaa waliin
walqunnamtii akka hin qabaanne; akkasumas, itti gaafatamummaa qabu irraan kan ka’e boor
tajaajila addaa gaafatamuuf jedhee akka hin taane ni qulqulleeffata. Kennaa fi
keessummeessaan sossobamee warreen biroof meeshaa ta’uu irraa of qusata.
Amanamummaa (Loyality)
Isin yakki isinuma mataa keessan irratti, firoota keessan irratti, ykn qabeenyaa keessan irratti
yoo raawwatamu namni callisee akka ilaalu ykn akka isinitti hin himamne hin barbaaddan.
Uummannis qabeenyaan isaa akka hin banne isin akka hojjetaa mootummaatti akka eegdaniif
barbaada. Isin qaama uummataa waan taataniif qabeenyaan uummataa akka hin banneef hojjetaa
mootummaa to’atu dha. Dirqama ogummaa keessaa amanamummaan tokko kan ta’ees
kanumaafi. Waan ta’eefuu, hojjetaan mootummaa amanamaa ta’e heera mootummaaf amanamaa
38
akka ta’utu irraa eegama. Mana hojii isaa keessatti gochi seeraan alaa raawwatamuu isaa karaa
kamiinuu yoo beeke maaltu na galche jedhee callisee kan bira darbu osoo hin taane, qaama
dhimmi ilaalutti beeksisuun tarkaanfiin ykn sirreeffamni barbaachisaa ta’e akka fudhatamu
godha.
Iftoomina (Transparency)
Isin gara waajjira tokkoo tajaajilamuuf yoo deemtan hojjetaan mootummaa isin iyyata itti
dhiheeffattan odeeffannoo gahaa beekumsa irratti hundaa’e isiniif akka kennuuf sanuma irratti
hundaa’uun murtoo mataa keessanii akka murteessitan ni barbaaddu. Namni biraas isin bira
tajaajilamuu yoo dhufu fedhuma walfakkaataa ta’e qaba. Waan ta’eefuu, iftoominni qajeeltoo
naamusaa hojjetaan mootummaa ittiin gaggeeffamu qabu dha. Gama kanaan hojjetaan
mootummaa:
1. Bu’uura aangoo kennameefiin hojii isaa yoo hojjetu hojii hojjetuu fi murtiiwwan dabarsu
iftoominaan kennuu qaba. Kana jechuun, hojiiwwan hojjetuu fi murtiiwwan murteessuuf
sababaan deggaruu fi kanas namoota abbaa mirgaa ta’aniif ibsuuf dirqama qaba jechuu
dha. Ittigaafatamummaa kana irraa kan of qusachuu qabu dhimmoonni iccitiin eegaman
kan jiran yoo ta’an qofaa dha.
2. Odeeffannoo tajaajilamtoonni barbaadan ibsa waliin kennuuf dirqama qaba.
3. Adeemsi kenna tajaajila mootummaa ifa akka ta’u gochuu qaba.
4. Odeeffannoo hawaasni tajaajilamaan beekuu qabu tajaajilamaan osoo hin gaafatiin
qopheessee beeksisuu qaba.
Iccitii Eeguu (Secrecy)
Isin dhimma iccitiin akka isiniif qabamuuf adaraadhaan namatti himtan tokko iccitichi akka
isiniif eegamu ni barbaaddu. Uummannis hojjetaan mootummaa sababa itti gaafatamummaa
qabuun iccitii beeke akka eegu barbaada. Waan ta’eefuu,hojjetaan mootummaa tokko:
1. Odeeffannoowwan mootummaa ykn dhuunfaa iccitiin eegamuu qabanii fi sababa hojii
isaatiin beeke ibsuu hin qabu
2. Hojii erga gadhiisee ykn bakka hojii erga jijjiirrateen boodas ta’e odeeffannoowwan
iccitii sababa hojiitiin beeke iccitummaan qabamanii akka turan eeguuf dirqama qaba.
39
Itti gaafatamummaa (Accountability)
Isin qabeenyaa keessan akka isiniif bulchuuf ykn mucaa keessan akka isiniif eeguuf adaraa
jettanii nama itti laattan tokko rakkoon yoo mudate, itti gaafatamummaa irraa of oolchuuf jecha
qofa qabeenyaa ykn mucaa keessan irra miidhaan akka dhaqqabu hin barbaaddan. Uummannis
hojjetaan mootummaa itti gaafatamummaa kan baqatu osoo hin taane itti gaafatamummaa
fudhachuuf qophii kan ta’e akka ta’u barbaada. Waan ta’eefuu, hojjetaan mootummaa:
1. Murtiiwwan murteessuu fi hojiiwwan hojjetu itti gaafatamummaan akka hojjetu malee itti
gaafatamummaa irraa baqachuun irraa hin eegamu.
2. Gaarii godhee badhaafamuu akkuma barbaadu mara, dogoggora yoo raawwates
dogoggora raawwateef itti gaafatamummaa dhufuu malu kan fudhatu malee itti
gaafatamummaa gara biraatti naannessuun balleessaan ala namoota biroo irraa miidhaan
akka dhaqqabu kan godhu ta’uu hin qabu.
3. Adeemsa hojii fi hojiiwwan hojjetaman ilaalchisee qaama ilaaluuf gabaasa dhugaa
dhiheessuuti irraa eegama.
4. Murtiiwwanii fi hojiiwwan biroo hojjete sababeeffachuun gaaffiiwwanii fi dhimmoota
qulqullaa’uu qaban biroo irratti odeeffannoo barbaachisaa fi dhuga-qabeessa ta’e kennuuf
dirqama qaba.
Faayidaa Uummataaf Dursa Kennuu (Serving the Public Interest)
Isin qabeenyaa keessan akka isiniif eeguu fi akka isiniif bulchu adaraa jettanii amanuun namni
isin itti laadhattan tokko faayidaa keessan miidhuun ofii isaatiif faayidaa hin malle akka argatu
hin barbaaddan. Uummannis hojjetaan mootummaa qabeenyaa fi aangoo adaraan itti kenname
duubatti dhiisuun ofii isaatiif faayyidaa hin malle akka argatu hin hayyamu. Hojjetaan
mootummaa dhimma adaraadhaan fuudhe tokko irratti gochawwanii fi sochiiwwan walitti
bu’insa fedhii uumuu danda’an irraa of fageessuu qaba. Gama kanaan,
1. Hojii fi murtiin inni raawwatu faayidaa uummataa kan eegsisu malee faayidaa dhuunfaa
isaa, kan maatii isaa ykn ammoo kan jaalleewwan isaa biroo ta’uu hin qabu.
2. Faayidaawwan, fedhiiwwanii fi mirgoonni hojii isaa waliin walitti bu’insa fedhii uumuu
danda’an yoo jiraatan, qaama dhimmi ilaallatutti beeksisuun dhimmicha irratti murtii
akka hin kennine gochuu qaba.
40
3. Hojii mootummaa itti ramadamee jiru bifa miidhuu danda’uun hojii alaa biroo dabalataan
hojjechuu irraa of qusachuu qaba.
Aangoo Seeraan Kennameefitti Sirnaan Fayyadamuu
Isin abbaan aangoo mootummaa tokko aangoo isaatti fayyadamuun akka isin rakkisu hin
barbaaddan. Tajaajilamaan biraas akkasuma aangoo keessan fayyadamuun miidhaa akka irraan
geessan hin barbaadu. Uummannis hojjetaan mootummaa aangoo fi adaraa itti laatame kaayyoo
barbaadamu qofaaf oolchuu akka qabu malee nama biraa miidhuuf akka itti gargaaramu hin
barbaadu. Waan ta’eefuu, hojjetaan mootummaa:
1. Aangoo murteessuu qabutti fayyadamuun yoo hojjetu seeraa fi sirna jiru bu’uureffachuun
hojjechuu qaba.
2. Dirqisiisuun ykn dhiibbaa gochuun namoonni biroo ykn hojjettoonni isa jala jiran qarshii
akka liqeessaniif, meeshaa akka bitaniifi kkf irraa of qusachuu qaba.
3. Sababa hojiitiin walitti dhufeenya uumamee jirutti fayyadamuun namootni ykn
qaamoleen biroo gatii bittaa akka xiqqeessaniif ykn faayidaa gosa biroo akka kennaniif
gaafachuu hin qabu.
4. Aangoo isaa abdachuun murtiiwwan qaamoleen mootummaa, fi qaamoleen haqaa biroo
kennan jidduu lixuun dhiibbaa uumuu irraa of qusachuu qaba.
Loogii Gochuu Dhiisuu
Sanyii, amantaa, umrii, ilaalcha siyaasaa, saala fi kkf ka’umsa godhachuun loogiin isin irratti
akka raawwatamu hin barbaaddan. Uummannis hojjetaan mootummaa tajaajilamtoota jidduutti
loogii akka uumu hin barbaadu. Waan ta’eefuu, hojjetaan mootummaa loogii malee hojii isaa
hojjechuu qaba. Sanyii,bifa,saba/sab-lammii,saala,afaan,amantaa,ilaalcha siyaasaa fi kkf irratti
hundaa’ee garaagarummaa osoo hin uumiin akka hojjetutu i irraa eegama.
Seera Kabajuu
41
Isin seerri mootummaan baase cabee mirgii fi faayidaan keessan akka tuqamu hin
barbaaddan.Uummannis namoonni aangoo irra jiran seerota ba’an akka kabajanii fi akka
kabachiisan fedhii guddaa qaba. Waan ta’eefuu hojjetaan mootummaa:
1. Heeraa fi seeerota biyyattii kabajuutu irraa eegama
2. Qaamni aangoo qabu bu’uura imaammatoota, seerotaa fi danbiiwwan jiraniin ajaja yoo
kennu ajajicha fudhatee hojiirra oolchuuf dirqama qaba.
3. Ajaja seeraan walitti bu’u kennuu irraa of qusachuu qaba.
4. Ajaja seeraan alaa raawwachuu irraa of qusachuu qaba.
5. Hoogganaan ajaja seeraan alaa yoo kenne seeraan ala ta’uu isaa beeksisuu, kana bira
darbees qaama dhimmi ilaalutti beeksisuun tarkaanfiin barbaachisaa ta’e akka fudhatamu
gochuu qaba.
Tajaajilamaa Kabajaa fi Garalaafinaan Keessummeessuu
Isin tajaajila argachuuf gara mana hojii mootummaa yoo deemtan, gara laafinaa fi
nameenyummaan keessan haala kabajameen tajaajila argachuu barbaaddu. Uummanni kan
barbaadu hojjettoonni mootummaa tajaajilamtoota gara isaanii dhufan mirgi namummaa isaanii
osoo hin tuqamiin kabajaan akka keessummaa’anidha. Waan ta’eefuu, hojjetaan mootummaa
abbootii dhimmaa yeroo simatu kabajaa fi gara laafinaan simachuu,fi tasgabbaa’ee
dhaggeeffachuun naamusa tajaajilaa barbaachisaa ta’e kennuu amaleeffachuu qaba.
Fakkeenya Ta’uu
Uummanni kan barbaadu hojjetaan mootummaa hojjettoota birootiif illee fakkeenya akka ta’u
dha. Waan ta’eefuu, hojjetaan mootummaa:
1. Yaada addaa kan kabaju, yaadaa fi ilaalcha inni qabuun addatti mirga namoota yaadaa fi
ilaalcha addaa qaban kan kabajuu fi yaadichas akka ibsatan kan jajjabeessu, addaan
baateewwan jiran amansiisuun hiikuuf dursa kan laatu, dogoggora isaa ofii beekee
sirreessuuf qophii kan ta’e, dogoggorri nama biraan yoo itti himame dogoggora isaa
dhoksuuf kan yaalu osoo hin taane ofitti fudhatee kan sirreessu ta’uu qaba.
2. Yaadota haaraa burqisiisuuf kaka’umsa kan qabu, aadaan hojii akka dagaaguuf kan
dhama’u ta’uuti irraa eegama.
42
Kutaa kana keessatti:
1. Qajeeltoowwan naamusa ogummaa abbaa seerummaa baasuuf sadarkaa addunyaatti
tattaaffiiwwan sadarkaa sadarkaan godhaman;
2. Qajeeltoowwan naamusa ogummaa abbaa alangummaa baasuuf sadarkaa addunyaatti
tattaaffiiwwan sadarkaa sadarkaan godhaman;
3. Biyya keenya keessatti durii jalqabee naamusa ogummaa abbaa seerummaa baasuuf
tattaaffiiwwan godhaman argineerra. Ammuma dhiheenya kanaattuu dhimmoonni
naamusa ogummaa ilaallatan bifa tokkoonis ta’e bifa biraan kan jiran ta’us guutuu kan
hin taanee fi faffaca’anii kan jiran ta’uu; bara 1981 irraa kaasee garuu danbii naamusaa
mataa isaa danda’e qopheessuun akka eegalame;
4. Qophiin naamusa ogummaa abbootii alangaas haaluma walfakkaatuun bifa
bibittinnaa’een kan turee fi bara 1990 irraa eegalee garuu danbii naamusaa of danda’e
qopheessuun akka eegale
5. Sagantaa fooyyaa’insa siivil sarvisii keessatti sagantaan xiqqaa naamusaa qajeeltoowwan
12 kan qophaa’an yoo ta’u isaanis,
Ejjennoo cimaa
Haqummaa
Amanamummaa
Iftoomina
Iccitii eeguu
Itti gaafatamummaa
Faayidaa uummataaf dursa kennuu
Aangoo qabanitti sirriitti hojjechuu
Seera kabajuu
Tajaajilamaa kabajaa fi gara laafinaan simachuu
Fakkeenya ta’uu akka ta’an baranneerra.
Kutaa-xiqqaa Lama
2.2. Qajeeltoowwan Naamusa Ogummaa Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaa
43
Leenjifamtootaa! Garee gareen ta’aatii gaaffiiwwan armaan gadii irratti marii gaggeessaa!
1. Rakkoowwan naamusaa abbootii seeraa biyya keenyaa irratti mul’atan maal fa’i jettanii
tilmaamtu? Naamusa attamii qabaachuu akka qaban tokko tokkoon kaa’aa.
2. Rakkoowwan naamusaa abbootii alangaa biratti mul’atan maal fa’i jettanii tilmaamtu?
Abbootiin alangaa naamusa ogummaa attamii qabaachuu akka qaban tokko tokkoon
kaa’aa.
Labsii Lakkoofsa 24/88 keewwata 11: Abbaa seeraa federaalaa ta’ee muudamuuf
kakuu galamu
“Ani......guyyaa har’aa.............abbaa seeraa mana murtii ta’ee muudamuun hojii koo yoon
eegalu itti gaafatamummaa ol’aanaa natti kenname amanamummaan raawwachuuf waadaan
seena.”
Danbii Ittiin Bulmaata Abbootii Alangaa Lakkoofsa 42/91, keewwata 11Abbaa Alangaa
Federaalaa Ta’ee yoo muudamu kakuu galamu
Ani.....biyya koof amanamaa ta’uun Heera mootummaa Rippaabilika Dimokiraatawaa
Federaalawaa Itoophiyaa fi seerota biroo kabajee kabachiisuuf seerota mootummaa
fedraalaan ba’anii fi gara fuula duraattis ba’an hojiirra oolchuun ol’aantummaa seeraa
mirkaneessuuf gahee hojii kootiis bu’uura seerri tumuun ba’achuun kabajaa fi mirga
namootaa kabajuu fi eegsisuuf faayidaa dhuunfaa osoo hin barbaadiin eenyuunuu
jaallachuun, ykn jibbuun, ykn sababa biraa kam irratti hundaa’uun loogii osoo hin godhiin
dhiibbaa gosa kamiyyuu osoo hin sodaatiin haqqummaan, fayyaalummaa fi ciminaan itti
gaafatamummaa natti kenname ba’achuuf waadaan seena.”
Abbaan seeraa ykn abbaan alangaa itti gaafatamummaa isaa amanamummaan ba’achuuf
dirqama ogummaa akkamiituu irraa eegama?
2.3. Duudhaalee fi Qajeeltoowwan Naamusa Ogummaa Abbaa Seerummaa fi Abbaa
Alangummaa
Seensa
44
Moojuuliin leenjii kun maalummaa naamusaa yoo ibsu naamusni gaaffiiwwan bu’uuraa sadii
deebisuu qabu akka jiran ilaalleerra. Gaaffiin inni duraa, galmi dhumaa ykn duudhaan danbii
ykn sirna naamusaa maal akka ta’e adda baasee kaa’uu dha. Gama kanaan galmi dhumaa
naamusa abbaa seerummaas ta’e abbaa alangummaa maal akka ta’e jalqaba irratti adda
baasanii kaa’uun barbaachisaa dha. Sababni isaa, amalaa fi maalummaa naamusaa kan
murteessu galma dhumaa waan ta’eefi.
Haqa mirkaneessuun ykn dhugoomsuun galma dhumaa ogummaa abbaa seerummaa fi abbaa
alangummaa ti. Haqa mirkaneessuu ykn dhugoomsuu jechuun maal jechuu dha? Maaliin
ibsama? Haqni ta’eera jechuudhaaf dhimmoonni afran armaan gadii akka ulaagaaleetti
dhihaatu.
1. Bu’a qabeessummaa: Lammiileen gara qaamolee haqaa yoo dhufan murtii sirrii ta’e
bu’uura seeraatiin ni kennu amantaa jedhuunidha. Bu’a qabeessummaa haqaa jechuun
seeraa fi ijoo dubbii dhihaate irratti hundaa’uun akkaataa seeraatiin haqa sadarkaa isaa
eeggate kennuu dha.
2. Si’oomina: Lammiileen haqa akka barbaadamutti kan argatan yoo ta’ellee, gar-malee
yoo ture, haqni ture akka haqa dhowwatameetti lakkaa’ama akka jechuuti. Hayyuu og-
barruu beekamaa Itoophiyaa kan ta’an, Dr.kabbadaa Mikaa’el walaloo isaanii
“Tsigeeredaannaa daammanaa”jedhu keessatti seenaa armaan gadii argina.
Abaaboon aduun goguuf jette tokko bokkaan akka roobuuf duumessa gaafatte. Duumessi
ammoo turi ni dhaqqaba;yommuun deebi’un siif roobsisa jedheeti gatee deeme. Dhimma
deemeef xumuree hanga deebi’utti abaabittiin aduun waan itti cimeef gogdee duutee
eegde. Duumessi akkuma deebi’een waan qabatee jiru hunda doloollessee robe. Haa ta’u
malee, abaaboon sun waan duuteef oolchuun hin danda’amne. Fakkeenyi kun haqni ture
akka haqa dhowwatameetti lakkaa’ama yaada jedhu nu yaadachiisa.
3. Dhaqqabamummaa:-haqni dhugoomuu kan danda’u baasiinis ta’e bakkaan akka
salphaatti dhaqqabamuu yoo danda’e akkasumas, tajaajilli kenninu tajaajilamaaf haala
salphaan kan galuu fi ittis fayyadamuu yoo danda’e dha. Jaarraa giddu galeessaa keessa
gaggeessaa cimaa kan turan, Jenjiski’aan jedhamuun beekamu ilaalchisee waanti
45
jedhamu jira. Uummanni bulchiinsa Jenjiski’aan jala ture hojjettootaa mootummaa fi
abbootii taayitaa biroon waan miidhameef Jenjiski’aan bira deemuun hojjettoonni
mootummaa fi abbootiin taayitaa ati ramadde nu miidhan;waan isaan nu gaafatanuu ijaa
fi ijoo hin qabu. Waan ta’eefuu,dirqama nurraa eegamu beeknee akka ba’annuu fi haarsaa
hin malle akka hin kaffaleef seera nuuf baasi jedhan. Jenjiski’aanis bu’uuruma
gaafatameen seera isiniifan baasa jechuun seera mirgaa fi dirqama isaanii ibsu
barreeffamaan qopheesse. Haa ta’u malee, barreeffamichi xixiqqaatee kan barreeffame
ta’uu caalaayyuu bakka ol jedhaatti waan fannifameef namni maal akka ta’e dubbisuu
waan hin dandeenyeef itti fayyadamuu hin dandeenye. Waan ta’eefuu,seerri jiraatus itti
fayyadamuu hin dandeenye. Kanaafuu, dhaqqabamummaan lammiileen seera fi sirna
seeraa haala salphaa ta’een hubatanii sodaa fi muddama malee tajaajilamuu agarsiisa.
4. Tilmaamamuu:-Lammiileen gara qaamolee haqaa yoo dhufan maaltu murtaa’uu akka
danda’u tilmaamuu danda’uu qabu. Murtiin har’a kennamu murtii boor kennamu wajjiin
walitti kan bu’u yoo ta’e, sirna haqaa irratti lammiileen amantaa qabaachuu hin danda’an.
Murtii haqa qabeessa jechuun egaa dhimmoota armaan olitti ibsaman kanniin guutee yoo argame
dha.
Haa ta’u malee, murtiin haqa qabeessa ta’e kennamuun isaa hiika kan godhatu hawaasni
tajaajilamu dhugumatti murtiin haqa qabeessa ta’e kennamaa jiraachuu isaa amanuun yoo
fudhate dha.
Waan ta’eefuu, galmi dhumaa ykn duudhaan qajeeltoowwan naamusa abbaa seerummaa fi abbaa
alangummaa:
Murtii haqa qabeessa ta’e kennuu
Hawaasa tajaajilamaa biratti qaamoleen haqaa murtii haqa qabeessa ta’e kennaa akka
jiran amantaa akka horatan gochuu
Qajeeltoowwan naamusaa ogeessota qaamolee haqaa duudhaalee kanniin milkeessuu bifa
danda’aniin bocamuu qabu.
46
Kanatti aansuun ogeessonni sirna haqaa qajeeltoowwan naamusaa kabajuu qaban ogummaa
abbaa seerummaa fi abbaa alangummaa waliin walbira qabuun baranna.
2.3.1. Bilisummaa
2.3.1.1. Bilisummaa Mana Murtii Hawwuu fi Mirkaneessuu Ilaalchisee
Dirqamni ogummaa inni jalqabaa abbaa seeraa irraa eegamu bilisummaa abbaa seerummaa
kabajee kabachiisuu dha. Bilisummaan abbaa seerummaa jiddulixummaa ykn dhiibbaa qaama
alaa kamiraayyuu bilisa ta’uun seera qofa bu’uureffachuun murtii kennuu wabii dandeessisu dha.
Bilisummaan abbaa seerummaa mirga ykn bilisummaa abbaa seeraaf kenname osoo hin taane,
abbaan seerummaa jiddulixummaa ykn dhiibbaa qaama alaatiin godhamu irraa haala bilisa ta’een
seera qofa bu’uureffachuun akka murteessuuf itti gaafatamummaa abbaa seeraatti kenname dha.
Itoophiyaa keessatti bilisummaan abbaa seerummaa beekamtii heera mootummaa kan qabu dha.
Heera mootummaa RDFI keewwata 78 jalatti tumaa armaan gadii argina:
Qaamni abbaa seerummaa bilisa ta’e Heera mootummaa kanaan hundeeffameera (78(1))
Qaamni abbaa seerummaa sadarkaa kamittuu argamu qaama mootummaa, abbaa
taayitaa,ykn qaama biraa kamiraayyuu bilisa (79(2)).
Abbootiin seeraa hoojii abbaa seerummaasaanii bilisummaa guutuun raawwatan; seeraan
malee waanta biraan hin qajeelfaman (79(3)).
Bilisummaa abbaa seerummaa kana mirkaneessuuf jedhamees tumaalee fi wabiiwwan
dhaabbataa Heera mootummaa RDFI keewwata 79 (4, 5 fi 6) jalatti tumamanii argamu. Akkuma
tumaalee kanniiniin taa’ee jirutti, abbootiin seeraa yeroon soorama isaanii osoo hin gahiin hojii
abbaa seerummaa irraa kan ka’an:
Akkaataa danbii naamusaatiin badiin yoo raawwatame ykn;
Hanqina dandeettii hojii fi si’oominaa cimaa yoo qabaate ykn;
Fayyaa dhabuutiin hojii hojjechuu yoo dadhabe fi
Warreen kun jiraachuu Gumii Bulchiinsa Abbootii Seeraatiin yoo mirkanaa’e fi
Murtiin gumii kunis Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf dhihaatee sagalee caalmaan
yoo ragga’e akka ta’e taa’ee jira.
47
Dabalataanis, yeroon soorama abbaa seeraa kamiyyuu dheerachuu akka hin dandeenye tumamee
jira.
Haala bulchiinsa baajataa ilaalchisees Manni Murtii Waliigala Federaalaa baajata mannni murtii
federaalaa ittiin bulu qopheessuun Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf dhiheessee akka
murteessisu, yeroo hayyamamuttis akka bulchu tumameera. Baajati manneen murtii naannolees
bifuma walfakkaatuun Mana Maree naannoleetiin ramadama.
Kanatti dabalees labsii bulchiinsa abbootii seeraa federaalaa hundeessuuf bahe labsii lakkoofsa
24/88 keewwata 4 jalatti miseensonni bulchiinsa abbootii seeraa 9 yoo ta’u, walitti qabaa
dabalatee miseensonni 6 qaama abbaa seerummaa irraa abbootii seeraa akka ta’an ni tuma. Kunis
sirni bulchiinsa abbaa seerummaa adda durummaan harka qaama abbaa seerummaa kan jiru
ta’uu isaa agarsiisa.
Akkuma olitti ibsame bilisummaan abbaa seerummaa beekamtii fi wabii heerummaa argachuun
isaa dhimma bu’uuraa ti. Kun kan agarsiisu biyya keenya keessatti bilisummaa abbaa seerummaa
kabachiisuun dirqama ogummaa qofa osoo hin taane dirqama heeraas ta’uu dha. Dirqamni kunis
abbootii seeraa qofa irratti osoo hin taane qaama ykn nama biraa kamirrattuu kan gatame dha
(Heera mootummaa keewwata 9(2)).
Haa ta’u malee, bilisummaan abbaa seerummaa wabii dhaabbatummaa kennuu qofaan kan
mirkanaa’u miti. Abbootiin seeraa mootummaalee yeroo yeroon dhufuun darban kan tajaajilan
osoo hin taane, sirna Heeraa fi hawaasa amanamummaan kan tajaajilan akka ta’e hubatamuu
qaba. Gama kanaan, barreeffamni qajeeltoowwan Baangiloor irratti dhihaate tokko dhimma
qabannee jirru akka gaariitti waan nuuf ibsuuf akkuma jirutti ibsa afaan Ingiliziin kenname
fudhannee haa ilaallu.
They see governments come like water and go with the wind. They owe no loyalty to
ministers, not even the temporary loyalty, which civil servants owe. Judges are also
lions under the throne but that seat is occupied in their eyes not by the law and to that
48
conception that they own allegiance. In that lies their strength and their weakness,
their value and their threat20.
Kana jechuun amanamummaan abbootii seeraa seeraaf ta’uu qaba malee mootummaalee yeroo
yeroon jijjiiramaniif ta’uu hin qabu jechuu dha. Ciminni ykn dadhabinni isaaniis kan madaalamu
kana gochuudhaan ykn gochuu dhabuun ta’a.
Waan ta’eefuu, bilisummaan abbaa seerummaa akka dhugoomuuf itti gaafatamummaan ykn
dirqamni abbootii seeraa irraa eegamus ni jira. Bilisummaan abbaa seerummaa akka
dhugoomuuf abbootii seeraa irraa maaltu eegama? Akkuma olitti agarsiifametti, abbaan seeraa
bilisummaan abbaa seerummaa akka hin hubamne eeguuf dirqamni heeraa irratti gatameera.
Heerri mootummaa keewwati 9(2) lammiin, qaamoleen mootummaa, dhaabbileen siyaasaa,
waldaaleen biroo akkasumas abbootiin taayitaa isaanii kamiyyuu heera mootummaa kabachiisuu
fi akkasumas isaaf bitamuuf itti gaafatamummaa qabaachuu isaanii ifatti kan agarsiisu dha.
Danbii naamusa manneen murtii federaalaa keewwati 4 mata-duree Seerota Sirriitti Hojiirra
Oolchuu jedhu jalatti “murtii fi ajaja kennu hunda irratti seeronni biyyattiin bahan sirriitti
hojiirra akka oolan gochuun hojii jalqabaa abbaa seeraa ti jechuun ifatti tuma.”
Danbiin naamusa abbootii seeraa Naannoo Amaaraa keewwati 5 (4) abbootiin seeraa bilisummaa
mana murtii eegsisuuf itti gaafatamummaa qabu jechuun tuma21.
Akkasumas danbiin naamusaa abbootii seeraa federaalaa keewwata 15 (2) irratti:
“Abbaan seeraa hojii abbaa seerummaa isaa yoo hojjetu jaalala akkasumaanii osoo hin
barbaadiin miiraanis osoo hin hoogganamiin sodaa tokko malee seeraan hojjechuu qaba” jechuun
tuma.
Ija ogummaanis taanaan kana kabachiisuuf dirqamaa fi itti gaafatamummaa qaba. Jechuunis
Abbaan seerummaa seeraa fi seera qofaan kennamuu waan qabuufi
Abbaan seeraas bu’uura seeraa qofaan abbaa seerummaa kennuu waan qabuufi
20
J.A.G.Griffth, The Politics of the Judiciary,3rd
ed.,1985,p.199 as quoted in the commentary on Banglore Principles on Judicial Conduct. 21
Danbiin naamusa abbootii seeraa naannoo Kibbaa fi naannoo Amaaraa bifaanis ta’e qabiyyeen walfakkaata.
49
Hojiin abbaa seerummaa bu’uura seeraatiin akka hin kennamne dhiibbaawwanii fi
jiddulixummaa godhan irraa eeguuf dirqama ogummaa qaba jechuu dha.
Abbaan seeraa bilisummaa abbaa seerummaa eegsisuu irratti dirqama ogummaa attamii
bahuuti irraa eegama?
Garee kamirraayyuu bifa bilisa ta’een ijoo dubbii,raga fi seera qofa irratti hundaa’uun
abbaa seerummaa kennuu fi
Jiddulixummaa qaama alaa kamuu malee seera qofa irratti hundaa’ee kan hojjetu ta’uu
nama biraa biratti amanamummaa fi fudhatamummaa akka argatu hojjechuuti irraa
eegama.
Bilisummaan abbaa seerummaa jiraachuu qofa osoo hin taane hawaasnis bilisummaan abbaa
seerummaa jira jedhee itti amanuu kan danda’u ta’uu qaba. Qaamni abbaa seerummaa murtii
kennuu kan qabu bilisummaan ta’us, murtiin qaamni kun kennu jiddu lixummaa ykn dhiibbaa
qaama alaa jalatti kan kufe dha ilaalchi jedhu (perception) hawaasa keessa yoo jiraate amantaa
hawaasni sirnicha irratti qabu haphisa. Haqa barbaaduu gara qaama abbaa seerummaa dhufuu
irraa filannoo biraa akka barbaaduu gochuu danda’a.
Waan ta’eefuu, qaamni abbaa seerummaa bifa bilisa ta’een murteessuu qofa osoo hin taane
bilisummaan kan murteessu ta’uun isaas hawaasa biratti itti amanamuu qaba.
Sadarkaan naamusaa ogeessa tokko irraa eegamus kan murtaa’u, ulaagaalee lamaan kana irratti
hundaa’uuni ta’a.
Haa ta’u malee, abbaan seeraa ijoo dubbii, ragaa, fi seera qofa irratti hundaa’uun akka hin
murteessineef gochawwan jiddu lixummaa ykn dhiibbaa uuman kallattii adda addaatiin jiraachuu
danda’u. Abbaan seeraa rakkoowwan akkasii akka isa mudataniif maal gochuuti irraa eegama?
Dabalatees, abbaan seeraa bilisummaan kan murteessu ta’uun isaa amanamee akka beekamuuf
hawaasni waa’ee bilisummaa abbaa seerummaa hubannoo barbaachisaa ta’e akka qabaatuuf
abbaan seeraa maal gochuuti irraa eegama? Warreen kanneen akka itti aanutti ilaaluuf yaalla.
1. Bilisummaa Abbaa Seerummaa Dhiibbaa Qaama Raawwachiiftuu ykn Bulchiinsaa
Hin malle Irraa Eeguu
50
Jiddulixummaan bilisummaa abbaa seerummaa balaa irraa buusuu danda’u qaama
raawwachiiftuu biraa ykn abbootii taayitaa qaamolee mootummaa biraa dhufuu danda’a. Kana
jechuun, fakkeenyaaf, abbaan taayitaa ykn miseensi qaama seera baastuu ykn qaama seera
raawwachiiftuu ta’e tokko dhimma abbaa seerummaan qabamee jiru tokko kallattiinis ta’e
alkallattiin akkaataa dhimmi sun itti murtaa’uu ilaalchisee fedhii isaanii ibsuu, ykn doorsisuu
danda’u. Kun biyya keenya keessattis ta’e biyyoota biroo keessatti mudachuu kan danda’u dha.
Jiddulixummaan akkasii yoo raawwatu abbaan seeraa maal akka godhutu irraa eegama?
Hunda dura, qaamoleen seera raawwachiisanis ta’e seera baasan bilisummaa abbaa seerummaa
irratti hubannoo kan qabanii fi seeras kabachiisoo waan ta’aniif jiddu lixummaa bilisummaa
abbaa seerummaa irraa akka of qusatani dha. Waan ta’eefuu, jiddulixummaan kan jiru yoo ta’e
jiddulixummaan sun abbootii taayitaa muraasaan akka raawwatamutti fudhatamuu qaba.
Miseensonni ykn abbootiin taayitaa qaamolee raawwachiisoo yeroo tokko tokko sababi jidduu
itti lixaniif waa’ee bilisummaa abbaa seerummaa hubannoo dhabuun ta’uu mala. Jechuunis,
gochawwan maal maal irraa of qusachuu akka qaban hubannoo dhabuu irraa ta’uu danda’a.
Yookiin ammoo dhimma seeraan qabamee jiru tokko sababa biraaf osoo hin taane quuqama
qaban irraa ka’anii gaafachuu danda’u.
Jiddulixummaan akkasii kun yoo mudatu:-
Abbaan seeraa sun dursee Heera mootummaa tuquun gochi akkasii bilisummaa abbaa
seerummaan walitti kan bu’u ta’uu; Heera mootummaa kabajuu fi kabachiisuun ammoo
isaaniifis dirqama akka ta’e hubachiisuun gocha akkasii irraa of qusachuu akka qaban
gochuu dha.
Haa ta’u malee waan itti himamu kana duubatti dhiisuun irra deddeebiin dhimmicha
kaasanii abbaa seeraa doorsisuu danda’u. Haalli akkasii kan mudatu yoo ta’e ammoo
dhiibbaa irra gahuu homaattuu osoo hin lakkaa’iin murteessuu barbaachisa. Sodaachisa
ykn sossobbii irra deddeebiin abbaa taayitaan godhamu ilaalchisees abbaan taayitichaa
gochicha irraa akka of qusatuuf qaama olii aangoo qabutti ykn gumii bulchiinsa abbootii
seeraaf beeksisuuti gaarii ta’a.
2. Miidiyaalee fi Dhimmoota Yeroof Ol’aantummaa Agarsiisuun Abbaa Seerummaa
Irratti Dhiibbaa Dhaqqabsiisuu Danda’an Irraa Dirqama Eeguu
51
Dhimmoota alaa bilisummaa abbaa seerummaa gaaffii keessa galchuu danda’an keessaa tokko
dhimmoota yeroo miidiyaaleen ykn hawaasaan bal’inaan hafarfamani dha. Isaan kunniin
ilaalcha abbaa seeraa irratti dhiibbaa dhaqqabsiisuun bu’uura seeraatiin qofa murteessuurra
jarreen kanneen gammachiisuuf, ykn hawaasa wajjiin jiraachuuf jecha seeraan ala akka
murteessuuf dhiibbaa uumuu amala dandeessisuu qabu.
Yeroo tokko tokko namoonni beekamoo ta’an yommuu himatamanitti miidiyaas ta’e hawaasni
ejjennoo walfakkaataa ta’e calaqqisiisuun gartokkotti luucca’uun fedhii isaanii haalli itti ibsan ni
uumama.
Haalli akkasii yeroo uumamutti abbaan seeraa sodaa malee jaallatamuuf, nan jibbama, maqaa
kooti baha osoo hin jedhiin hojjechuu qaba. Yeroodhaaf duumessi ulfaatee yoo mul’ates,
boodarra duumessi hafee aduun baatee bakka ishii qabachuun hin oolu waan ta’eefi. Yeroof
mul’achuu dhabus, dhugaa fi bariin bulee baha waan ta’eefi. Haa ta’u malee, miidiyaanis ta’e
ilaalcha yeroon mo’amee haqa ragaa fi seera qofa irratti osoo hin hundaa’iin yoo kenne sirna
haqaa irratti miidhaa ol’aanaa ta’e dhaqqabsiisuun amantaa fi kabaja uummanni sirna haqaa
irratti qabu akka dhabamu godha. Gareewwan kaayyoo murtaa’e adeemsisanis miidiyaa fi
dhaabbilee miidiyaa fakkaatan fayyadamuun sirna abbaa seerummaa faaayidaa dhuunfaa isaaniif
akka oolu taasisu.
Kana jechuun garuu qeequmsi dadhabina hojii abbaa seerummaa irratti miidiyaanis ta’e
hawaasaan mana murtii irratti godhamu hundi bilisummaa abbaa seerummaa balaa irra kan
buusu ta’ee fudhatamuu hin qabu. Murtiin abbaa seeraa qeeqamuu danda’a. Barreeffamni ykn
mariin seeraa murtii kenname tokko bifa ijaaruu danda’uun qeequ falasamaa fi hundee seeraa
kan dagaagsu dha. Sababni isaa, abbaan seeraa qeeqama isa irratti godhamu irraa barachuu
danda’a waan ta’eefi. Kanas ta’u garuu, fudhatee hojiirra oolchuu kan qabu yoo itti amane malee
namoonni baayyeen waliigalanii murticha waan mormaniif ta’uun irra hin jiraatu.
Gama biraatiin, fedhii miidiyaa fi hawaasaan gaggeeffamuu dhabuu jechuun duuchaadhumaatti
ilaalcha miidiyaa fi hawaasaa bira jiru wajjiin faallaa deemuu ykn murteessuu jechuu miti.
Ilaalcha duuchaa akkasii irraas of eeguu qaba.
3. Dhiibbaawwan Keessaa Karuma Mana Murtiin Bilisummaa Abbaa Seerummaatti
Dhufu Irraa Eeguu
52
Bilisummaa abbaa seerummaaf dhimmoota sodaa ta’an keessaa tokko abbaan seeraa dhimma
qabatee jiru irratti hoogganaan mana murtii ykn abbaan seeraa biraa karaa tokkoonis ta’e karaa
biraatiin jidduu lixuu ykn dhiibbaa gochuu danda’a. Haalli akkasii yoo mudatu kun bilisummaa
abbaa seerummaa kan miidhu waan ta’eef gocha kana irraa akka of qusatan abbootiin seeraa
yaadachiisuu qabu.
Hojii abbootiin seeraa hojjetan irratti komii gareewwan walfalman komiiwwan tokko tokko
qabaachuu malu. Mirgi isaanii seeraan sirriitti taa’ee jiru daanga’uu danda’a. Yeroo kana qaama
dhimmi ilaalutti iyyata dhiheeffachuu danda’u. Waan akkasii yoo mudatu hooggantoonni
abbootii seeraa gadi fageenya dhimma iyyanni irratti dhihaate keessa tokko tokkoon osoo hin
galiin sirrummaa komii dhihaatee qulqulleeffachuun ka’umsa komii dhabamsiisuuf abbaa seeraa
dhimmicha qabatee jiru wajjiin haasa’uu qabu. Kana gochuun ijoo dubbii dhimmichaa keessa
seenuu waan hin taaneef, akka dhiibbaa uumuutti ilaalamuu hin qabu.
Abbootiin seeraa dhimma qabatan tokko akkamiin akka murteessan gabaasa akka godhaniif
hoogganaa oliitiin yoo gaafataman deebiin isaanii tokkoo fi tokko dha. Innis, gabaasa
dhiheessuufis ta’e deebii kennuuf dirqama hin qaban. Kanaafis sababni, murtii kenname irratti
sababa isaanii waan ibsaniifi.
Haa ta’u malee, abbootiin seeraa naamusaan, ykn gahumsa hojii dhabuun himatamuu ykn itti
gaafatamuu danda’u.Yeroo kana dhimmoonni himanni itti dhihaatan keessaa tokko murtii
galmee kenname irratti yoo ta’ee fi kanaanis walqabatee deebii akka kennaniif gaafatamuu
danda’u. Kun bilisummaa abbaa seerummaa irratti miidhaa akka dhaqqabsiisutti ilaalamuu hin
qabu.
Bilisummaa abbaa seerummaa irratti balaan biroo dhufuu malu jiddu lixummaa ykn dhiibbaa
karaa abbaa seeraa waliin hojjetuuti. Abbaan seeraa tokko abbaa seeraa hiriyyaa isaa ta’e karaa
tokkoonis ta’e karaa biraatiin akka murteessuuf dhiibbaa gochuu yoo yaale, abbaan seeraa sun
dhimma galmee irratti haasa’uu irraa of qusachuu qaba. Kana jechuun garuu, abbaan seeraa sun
kaka’umsa mataa isaatiin dhimmicha irratti mudannoowwan isa mudatan fakkeenyaaf hiikkaa
tumaa seeraa, ykn ragaa irratti hiriyyaa isaa wajjiin haasa’uun hin barbaachisu jechuu miti. Kana
gochuu isaatiin bilisummaa abbaa seerummaa balaa irra buuseera hin jedhamu. Haa ta’u malee,
53
marii akkasii keessattis abbaan seeraa fudhatee hojiirra kan oolchu yoo itti amane qofa ta’uu
qaba.
4. Miseensa Hawaasaa Ta’uu Isaatiin Dhiibbaawwan Itti Dhufu Keessatti Bilisummaa
Abbaa Seerummaa Eeguu
Abbaan seeraa miseensa hawaasaa waan ta’eef miseensota hawaasaa waliin wal arguun isaa hin
oolu. Waan ta’eefuu, ilaalchawwan adda addaaf saaxilamuun dhiibbaawwan adda addaa irra
gahuu danda’a. Kun garuu, abbaan seeraa hawaasa irraa adda bahee haa jiraatu gudunfaa
jedhutti nuun hin geessu. Sababni isaa, abbaan seeraa waan hawaasni godhu tokko ija dhama
qabeessa ta’een hubatee madaalee ibsa kennuu kan danda’u hawaasa keessa yoo jiraate dha.
Waan ta’eefuu, hawaasa wajjiin jiraachuun miidhaa isaarra faayidaa isaati caala.
Haa ta’u malee, abbaan seeraa hawaasa keessa sababa jiraatuun dhimmoota saxilamuufii
danda’uun dhiibbaawwan hin malle akka irra hin geenye of eeggachuu qaba. Fakkeenyaaf,
gareewwan faayidaa addaa hordofsiisan kan akka dhimma dubartootaa, dhimma daa’immanii fi
kkf kaayyoo isaaniin walqabsiisun waltajjiiwwan marii qopheessan jiraachuu danda’u.
Waltajjiiwwan akkasii irratti hirmachuu murteessuun dura garuu;
Kaayyoon walgahichaa maal akka ta’e dursee beekee murteessuuti irraa eegama. Galmee
banamee jiru irratti xiyyeeffachuun mariin kan gaggeeffamu ta’uu fi dhiisuu isaa adda
baafachuu
Yeroo tokko tokko waltajjii irratti keessattuu mata-duree dhimma yakkaa kan ilaalchisu
yoo ta’e bakka buutonni abbootii alangaa fi abukaattotaa akka argamaniif filatamaa ta’uu
fi ta’uu dhiisuu ilaalee mari’achuun murteessuu barbaachisa
Gaaffiiwwan dhaabbilee akkasii irraa dhihaatan barreeffamaan akka ta’an,sagantaa fi
sirni marii dhimmicharratti gaggeeffamu haala ifa ta’een hubatee murteessuu barbaachisa
Dhimmoota mana murtiin ilaalamaa jiran kaasanii tokko tokkoon irratti mari’achuun
akka hin danda’amne dursee ifatti beeksisuuti irraa eegama.
54
Tarii waan abbaan seeraa hin jedhiin tokko akka waan jedheetti akka hin fudhatamneef
ripoortera mana murtiis fudhatanii argamuun faayidaa akka qabu hubachuu qaba.
Bilisummaan Abbaa Seerummaa Jiraachuu Qofa Osoo Hin taane Jiraachuun Isaa
Hawaasa Birattis Akka Amanamu Gochuu Ilaalchisee
Akkuma duratti ibsame abbaan seeraa dhiibbaa alaa ittisuu qofa osoo hin taane hojii abbaa
seerummaa keessatti dhiibbaan ykn jiddulixummaan kan hin jirre ta’uus agarsiisuuf hojjechuun
barbaachisaa akka ta’e ilaalleerra. Jechuunis, abbootiin seeraa bilisa ta’uu qofa osoo hin taane
bilisa ta’uun isaanii hawaasa birattis amanamuu qaba.
Abbootiin seeraa murtiiwwan mana murtii irratti qaamoleen alaa dhiibbaa kan godhan
fakkaatanii akka hin mul’anne of eeggannoo guddaa gochuu qabu. Kana jechuun ija nama dhama
qabeessa ta’een yoo ilaalamu abbaan seeraa hojii hojjetaa kan jiru bilisa ta’ee miti tilmaamni
jedhu akka hin uumamneef of eeggachuu qaba.
Abbaan seeraa tokko abbaa seerummaa biratti seera raawwachiiftuu keessa kan hojjetu yoo ta’e
bilisummaan hojjeta jedhanii amanuuf nama rakkisa. Labsii lakkoofsa 24/88, keewwata 8(2)
jalatti kan armaan gadii tumamee argina. “Namni kamiyyuu qaama seera baastuu ykn
raawwachiiftuu keessa ykn dhaabbata siyaasaa kamuu keessa miseensummaan waayita
tajaajilutti hojii abbaa seerummaa dabalataan hojjechuu hin danda’u.” Kun haaluma
walfakkaatuun Naannoleefis kan hojjetu dha.
Abbaan seeraa qaama mootummaa mana murtiin alaa ta’eef, fakkeenyaaf qaama
raawwachiiftuuf hojii gaarii abbaa seerummaa isaatiin hojjeteen kennaa ykn badhaasa kan
fudhatu yoo ta’e, ija nama dhama qabeessaatiin yoo ilaalamu abbaan seeraa kun bilisummaan hin
hojjetu shakkiin jedhu uumamuun isaa hin oolu. Waan ta’eefuu, gocha akkasiirraa of qusachuu
qaba jechuu dha.
Haati manaa ykn abbaan manaa abbaa seeraa nama siyaasaa ta’uu danda’a/dandeessi. Kanarraa
ka’uun murtiin abbaan seeraa kennu sun dhiibbaa dhaaba siyaasaa qabaachuu hin oolu shakkiin
55
jedhu jiraachuu danda’a. kana waan ta’eef abbaan seeraa nama miseensa dhaaba siyaasaa ta’e
wajjiin bultii ijaarrachuun hin danda’amu jedhanii gudunfuun abbaa seeraa tokko aarsaa guddaa
kaffalchiisuu ta’a. Kanaafuu, abbaan seeraa dhimmoota armaan gadii hojjechuurraa yoo of
qusate ija nama dhama qabeessa ta’een yoo ilaalamu bilisummaa abbaa seerummaa balaarra ni
buusa hin jechisiisu.
Walgahii paartii siyaasaa hiriyyaan gaa’ilaa isaa/ishee miseensa ta’etti (taatetti)
hirmachuu irraa of qusachuu.
Hiriyyaa gaa’ilaa waliin mari’achuun mana jireenyaa isaatti/isheetti walgahiin dhaaba
siyaasaa akka hin gaggeefamne gochuu.
Dhaaba siyaasaaf buusii gochuurraa of qusachuu
Kana jechuun garuu sagantaawwan kabajaa biyyoolessaa tokko tokko irratti argamuu hin qabu
jechuu miti. Fakkeenyaaf, sirna baniinsa mana maree hiriyyaan gaa’ilaa isaa/ishee itti
filatame/filatamte irratti argamuu waanti isa ykn ishee dhorku hin jiru.
6. Abbaan Seeraa Bilisummaa Abbaa Seerummaa Gama Eeguu fi Kabachiisuutiin
Dirqama Irraa Eegamu
Bilisummaa dhaabbata abbaa seerummaa balaarra kan buusan hojiiwwan fooyyaa’insaa
qaamolee mootummaa biroo irraa dhihaachuu danda’u. Haalli akkasii yoo mudatu kun naan hin
ilaallatu jedhee abbaan seeraa harka maratee taa’uun irraa hin eegamu. Qaamni abbaa
seerummaa yaadawwan fooyyaa’insaa haqa kennuuf rakkoo ta’an sababaan deggaree mormuu
qaba. Kana jechuun garuu yaada fooyyaa’insaa kamiyyuu duuchaamaan mormuu qaba jechuu
miti.
Maalummaa bilisummaan abbaa seerummaa hawaasa barsiisuunis abbootii seeraa irraa ni
eegama. Hawaasni bilisummaan abbootii seeraa sarbameera ykn kabajameera jechuu kan
danda’u maalummaa bilisummaa abbaa seerummaa sirriitti yoo beeke dha. Bilisummaan abbaa
seerummaa bilisummaa abbaa seeraaf kenname osoo hin taane abbaan seeraa tokko bu’uura
seeraa qofaan akka murteessuuf itti gaafatamummaa itti kenname ta’uu sirriitti yoo hubate dha.
Waan ta’eefuu, olola miidiyaa fi waan biraan godhamuun hawaasni bilisummaa abbaa
seerummaa irratti hubannoo dogoggoraa akka hin qabaanneef abbaan seeraa hojii barsiisuu
hojjechuu qaba.
56
Abbootiin seeraa amantaa uummanni mana murtii irratti qabu akka cimu gochuun bilisummaan
qaamolee abbaa seerummaa akka jabaatu gochuuf naamusa ol’aanaa qabaachuu qabu. Hawaasni
murtiiwwan mannen murtii kan deggeruu fi kan fudhatu ejjennoo cimaa (integrity) fi
bilisummaa(independence) abbootii seeraa irratti amantaa yoo qabaate dha. Abbaan seeraa
ejjennoo cimaa kan qabuu fi dhiibbaa malee hojjeta jechuun hawaasni amantaa guutuu irratti kan
qabaatu abbaan seeraa sun naamusa gaarii yoo agarsiise akka ta’e wal nama hin gaafachiisu.
Kanaafuu, abbaan seeraa bilisummaa abbaa seerummaa cimsuuf abbaa naamusa gaarii ta’uuf
tattaaffii barbaachisaa ta’e gochuuti irraa eegama.
Abbaan seeraa naamusa ol’aanaa ykn naamusa gaarii qabaachuu qaba yoo jedhamu yoo xiqqaate
dhagaha madaalawaa gaggeessuuf waan barbaachisu (Minimum requirements of fair trial)
kabajuu qaba jechuuti barbaadame. Ibsa biraatiin, abbaan seeraa naamusa gaarii qaba kan
jedhamu mirgoota armaan gadii gareewwan walfalmaniif kan kabachiisuu fi kan raawwatu yoo
ta’e dha.
Balleessummaan murtiin hanga murtaa’utti mirgi qulqulluu ta’anii ilaalamuu yoo
mirkanaa’e(the right to be presumed innocent until proved guilty according to law)
Himatamee kan itti adabametti ykn bilisa kan itti ba’etti lammeffaa mirga gaafatamuu
dhabuu kabajuu (the right not to be tried again for an offence for which he has already
been finally convicted or acquitted)
Adeemsa,gosaa fi kaayyoo falmii ilaalchisee beeksisa gahaa ta’e kennuu (adequate notice
of the nature and purpose of the proceeding)
Gareewwan walfalman dhimma isaanii irratti sirriitti qophaa’anii akka dhihaataniif carraa
gahaa kennuu (be afforded an adequate opportunity to prepare a case)
Gareewwan walfalman falmii fi ragaa falmii isaanii deggaru akka
dhiheeffatan;akkasumas falmii fi ragaa faallaa garee biraatiin barreeffamaan, afaaniin ykn
lamaaniin irratti dhihaatu akka faccisaniif carraa fi yeroo gahaa kennuu (present
arguments and evidence,and meet opposing arguments and evidence,either in
writing,orally or in both means)
Haqaaf kan barbaachisu taanaan namni himatame tokko dhimma himatameef kaffalachuu
yoo dadhabe gorsaa seeraa bilisaan mirga argachuu yoo qabaate (the right to have legal
assistance assigned to him ,in any case where the interests of justice so require,and
57
without payment by him in any such case if he does not have sufficient means to pay for
it)
Afaan manni murtii ittiin hojjetu kan hin dandeenye yoo ta’e adeemsa falmii kamirrattuu
mirga hiiktuu afaanii argachuu mirkaneessuu (consult an interpreter during all stages of
the proceedings,if he or she cannot understand or speak the language used in the court).
Namni himatame tokko sababa maaliif akka himatame afaan isaa galuu danda’uun
hiikameefii dafee yoo itti himame (the right to be informed promptly and in detail in a
language which he understands of the nature and cause of the charge against him)
Murtiin mirgoota ykn dirqamoota irratti dhiibbaa dhaqabsiisan kamiyyuu falmii fi ragaa
gareewwanii qofa irratti kan hundaa’e ta’uu (have his or her rights or obligations affected
only by a decision based solely on evidence known to the parties to proceedings)
Turtii hin barbaachifne malee murtiin dafee yoo kenname. Keessattuu, adeemsa jiru
irratti ibsi barbaachisaa ta’e qaqqabee murtiin sababa gahaan deeggaramee akka kennamu
gochuu ( have a decision rendered without undue delay and as to which the parties are
provided adequate notice thereof and the reasons thereof)
Mirga ragoolee irratti ragan gaaffii gaafachuu fi ofirraa ittisu kabajuu ( the right to
examine,or have examined,the witness against him)
Ragooleen isa irratti yommuu dhiyaatan bifuma walfakkaatuun mirga ragoolee ittisaa
dhiheeffachuuf dhageessifachuu (the right to obtain the attendance and examination of
witness on his behalf under the same conditions as witnesses against him)
Mirga ofirratti raga bahuu dhiisuu ykn balleessummaa akka amanu dirqisiisuu dhiisuu
kaabajuu (the right not to be compelled to tetstify against himself ot to confess guilt)
Umrii fi dafanii of haaromsuu danda’uu tilmaama keessa haala galcheen mirga adeemsa
falmii addatti daa’immaniif kabajuu (the right of the juvenile person to procedure that
takes account of his age and the disability of promoting his rehabilitation)
Seera biyyaatiinis ta’e seera Addunyaatiin yakka jedhamee gocha hin tumamnen mirga
himatamuu dhabuu fi balleessaa jedhamuu dhabuu kabajuu ( the right not to be held
guilty of any criminal offence on account of any act or omission which did not constitute
a criminal offence,under national or international law,at the time when it was committed)
Mirga dhaddacha banaatti dhagahamuu mirkaneessuu (the right to a judgement rendered
in public)
58
Dhimmi tokko qaama abbaa seerummaa ol iyyata dhagahu isa dhumaatiin yoo ilaalameen
ala qaama abbaa seerummaa sadarkaa tokkoon gararraa jirutti mirga ol iyyannoo
gaafachuu mirkaneessuu (except in the case of the final appellate court, or seek leave to
appeal, the right to appeal from decisions to a higher judicial tribunal)
Abbootiin seeraa bilisummaa abbootii dhimmaa seeraan ala daangessuu hin qaban. Waan
ta’eefuu, abbaan seeraa tokko bilisummaa nama dhuunfaa bu’uura seeraan taa’ee jiruun alatti
daangessuu hin qabu. Kanaafuu, ajajoonni mana murtii bilisummaa dhuunfaa namootaa
daangessan barbaachisummaan isaanii sirriitti osoo itti hin amanamiin kennamuu hin qaban.
Haaluma walfakkaatuun, dalga yaaduun ykn maaldhibdeedhaan seera jiru akka hin
barbaachifnetti hojiirra oolchuun ajaja manni murtii kenneen namoonni bilisummaa isaanii
kan dhaban yoo ta’e kun hojii akka feetee hojjechuu irraa adda hin ta’u.
Abbootiin seeraa mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uuraa himatamtootaa kabajamuu fi
bu’uura seeraatiin hojiirra ooluu isaanii mirkaneeffachuu qabu.Waliigalteen Mirgoota
Siyaasaa fi Siivilii Addunyaa keewwata 14(1) jalatti Adeemsi falmii mana murtii
madaalawaa (fair trial) ta’uu akka qabu ibsa. Namoonni hundi manneen murtii fi qaamolee
abbaa seerummaa duratti walqixa ilaalamu. Himanni yakkaas ta’e siivilii irratti dhihaatu
yommuu murtaa’utti namni kamiyyuu qaama aangoo qabuu fi seeraan hundaa’ee akkasumas,
qaama abbaa seerummaa bilisaa fi alloogessa ta’e biratti dhihaatee abbaa seerummaa
argachuuf mirga qaba jedha22. Sanada waliigaltee mirgoota siivilii fi siyaasaa keewwata 14
(2-7) jalatti tumaawwan jiran abbaa seerummaa iftoominaa fi loogii malee hojjetu sirni
dandeessisu jiraachuu akka qabu tokko tokkoon kaa’a. Sirnoonni diriiran kunniin mirga
walfalmitootaa jalqaba qorannoo gaggeessuutii kaasee hanga himata dhagahuu fi murtii
dhumaa kennuutti adeemsa jiru hunda raawwachiisuuf kan yaadamanidha.
Dabalataanis, namoonni himataman adeemsa murtii keessatti adabbii ilaalchisee mirgoota
armaan gadii kan qaban ta’uu fi abbootiin seeraas mirgoota kanneen sirriitti kabajuuf
dirqama kan qaban ta’uu sanadni waliigaltee siivilii fi siyaasaa keewwata 6(5), 7, 14(7) fi 15
jalatti tumeera.
22
Sanada Waliigaltee Mirgoota Siivilii fi Siyaasaa Addunyaa, keewwata 14(1) ilaalaa.
59
Adabbiin kennamu yommuu yakki raawwatamutti adabbii ture caaluu kan hin qabne
ta’uu (the right not to be imposed a heavier penalty than the one that was applicable at
the time when the criminal offence was committed
Mirga alnamummaa fi gara jabinaan guuteen adabamuu irraa bilisa ta’uu (the right
not to be subjected to cruel, inhuman or degrading punishment)
Biyyoota adabbiin du’aa hafaa hin taane keessatti yakkoota ciccimoo fi yommuu
yakkichi raawwatamutti seerri ture adabbii kana kan tumu yoo ta’een alatti
yakkamtoota umriin isaanii 18 hin guunne adabbii ajjeechaan adabamuu irraa bilisa
ta’uu (In those countries which have not yet abolished the death penalty,the right not
to be sentenced to death if below 18 years of age,and then only for the most serious
crimes,and if prescribed by the law in force at the time of the commission of the
crime).
Kutaa xiqqaa kana keessatti:
Abbootiin seeraa bilisummaa abbaa seerummaa eeguu fi kabajuuf dirqama ogummaa qabaachuu
isaanii kan ilaalle yoo ta’u, gama kanaanis;
Seeraa fi ijoo dubbii qofa irratti hundaa’uun murteessuu akka qaban
Qaamolee raawwachiiftuu adda addaa keessaa jiddulixummaa fi dhiibbaa dhufu
dandamachuun bilisummaan murteessuu akka qaban
Jiddulixummaa fi dhiibbaawwan adda addaa miidiyaafi kanneen miidiyaa fakkaatan irraa
of eeganii murteessuu akka qaban
Qeeqa sababaan deeggarame akka sodaatti osoo hin taane akka ijaarsaatti ilaaluun
hojiirra oolchuu akka qaban
Hooggantoota qaama abbaa seerummaa keessa jiranirraas ta’e hiriyyaa isaa irraa dhiibbaa
dhufu dandamachuun bilisummaa abbaa seerummaa eeguu akka qabu
Hojii abbaa seerummaa irra hanga jiranitti miseensa dhaaba siyaasaa ta’uu dhiisuu,qaama
seera raawwachiiftuu ykn seera hiiktuu keessatti qacaramuun hojjechuu irraa of
qusachuu akka qaban
Hojii isaaniin walqabsiisee qaama abbaa seerummaa irraa yoo ta’e malee qaama biraa
irraa kennaas ta’e badhaasa fudhachuu irraa of qusachuu akka qaban
60
Abbaan manaa ykn haati manaa ejjennoo fi ilaalcha siyaasaa qabaniin ija nama dhama
qabeessa ta’een yoo ilaalaman dhiibbaa keessatti kufanii kan jiran ta’anii akka hin
fakkaanneef of eegannoo gochuu akka qaban
Duuchaan mormuurra murtiin madaalawaa ta’e akka kennamuuf manni murtii yaadota
fooyyaa’insaa dhihaatan sababaan deggaruun falmuu fi mormuu akka qaban
Abbootiin seeraa waa’ee bilisummaa abbaa seerummaa hawaasa beeksisuu fi barsiisuu
akka qaban
Mana murtiitti falmii yeroo qajeelchanitti mirgoota gareewwan walfalmanii bifa
kabajuun hojjechuu akka qaban ilaalleerra.
Abbootiin seeraa dirqamoota olitti agarsiifaman kanniin sirriitti kan bahatan ykn bahachuuf
qophii yoo ta’an amala naamusa bilisummaa abbaa seerummaa eegsisuu danda’u horataniiru
jechuu dha.
2.3.1.2. Abbaa Alangaa fi Bilisummaa Ogummaa Eegsisuu Irratti Itti
Gaafatamummaa Inni Qabu
Naamusa ogummaa abbaa alangaa ilaalchisee wanti bahee mul’atuu fi irra deddeebiin ka’u
barreeffamni hedduunis kan irratti barreeffame bilisummaa ogummaa naamusa ogummaa abbaa
alangummaa ilaalchisee kan jiru dha.
Qaamni abbaa alangaa qaama sirna haqaa keessaa isa tokko dha. Gama biraatiin, hojiin abbaa
alangaa adda durummaan seera kabachiisuu fi raawwachiisuu waan ta’eef qaama seera
raawwachiisu dha.
Hojiin abbaa alangaa seerri akka kabajamuuf hordofuu, seerri cabee yoo argamu murtiif
dhiheessuu waan ta’eef kunis amala isaatiin hojii qaama seera raawwachiiftuu waan ta’eef qaama
seera raawwachiiftuu jalatti gurmaa’uun isaa barbaachisaa fi sirrii dha. Waan ta’eefuu, qaama
seera raawwachiiftuun gaggeeffamuun qaama kana jalatti hojjechuutu irraa eegama.
Biyyoota tokko tokko keessa adeemsi addaa kan jiru yoo ta’es adeemsi biyyoota baayyee keessa
jiru hooggantoonni abbaa alangaa qaama seera raawwachiiftuun kan muudamanii fi kan
muulqamani dha. Mindaa fi dhimmoonni biroos qaamuma seera raawwachiiftuu kanaan
61
murtaa’u. Waan ta’eefuu, bilisummaa akka qaama abbaa seerummaa sana akka qabaatu hin
eegamu.
Kana jechuun garuu, bilisummaa gosa kamiiyyuu gonkumaa hin qabu jechuu dha? Kana jechuun
dhimma ogummaa irrattis ajajoota qaama raawwachiiftuu qofa kan raawwatu jechuu dha? Gama
ogummaatiin dirqama attamii qaba? gaaffileen jedhan ka’uu qabu.
Abbootiin alangaa yakkamaa seeratti dhiheessuun adabbii barbaachisu akka argatu gochuuf itti
gaafatamummaa akkuma qaban mara mirgi nama qulqulluus akka hin cabne eeguuf itti
gaafatamummaa seeraa qabu. Kana irraa ka’uun murtiin isaan kennan akkuma abbaa seeraa,
seeraa fi firii dubbii kan bu’uureffate ta’uutu irraa eegama. Kunis, dhimma tokko alloogummaa
fi walqixxummaan ilaaluu gaafata. Kanaafis, bilisummaa ogummaa mirkaneessuun dhimma
bu’uuraa ta’a.
Abbootiin alangaa karaa bu’a qabeessaa fi haqa qabeessa ta’een akkasumas loogii tokko malee
hojii isaanii hojjechuu kan danda’an dhiibbaawwan kallattii adda addaan dhufuu danda’an irraa
bilisa yoo ta’an qofa dha23.
Gama kanaan Mootummoota Gamtoomaniin gahee abbootii alangaa murteessuuf qajeelfamni
bahee fi Waldaa abbootii alangaa addunyaan qajeelfamni hojii raawwachiisuuf bahe biyyootni
hunduu bilisummaa ogummaa abbootii alangaa eegsisuuf dirqama akka qabanii fi kanaafis
tarkaanfii qabatamaa fudhachuu akka qaban agarsiisa.
Mootummooleen abbootiin alangaa dirqama ogummaa isaanii doorsisa, sodaachisa, yaaddoo,
jiddulixummaa hin malle malee ykn sababa malee itti gaafatamummaa siivilii, yakkaa ykn kan
biraaf osoo hin saaxilamiin bahachuu danda’uu isaanii mirkaneeffachuu qabu jedha24.
Haalonni tajaajila abbootii alangaa, mindaa fi barri tajaajilaa alloogummaa fi bilisummaa isaanii
bifa dhugoomsuu danda’uun gurmaa’uu akka qabus ni agarsiisa25. Haalonni tajaajila abbootii
alangaaf barbaachisoo ta’an kan akka mindaa gahaa, barri tajaajila, sooramaa fi umriin sooramaa
seeraan tumamuu ykn seerota maxxanfaman ykn danbiiwwan irratti bahuu akka qaban;
23
Paul Mageean ,THe Role and Independence of Prosecutors,Belfast,Northern Ireland 17th
May 2005,Cairo,fuula 7 ilaalaa. 24
Gahee Abbootii Alangaa irratti Qajeelfamoota Mootummoota Gamtoomanii keewwata 4 ilaalaa. 25
Akkuma 24ffaa, keewwata 6 ilaalaa.
62
dabalataanis karaa sirni jiru hayyamu hundaan guddinni hojii abbootii alangaa haalawwan
qabatamoo ta’an keessattuu, gahumsa ogummaa, dandeetti, ejjennoo cimaa, fi muuxannoo irratti
hundaa’uun sirna haqummaa fi loogii hin qabne hordofee kan murtaa’u ta’uu akka qabu ni
gorsu.26 Danbiin abbootii alangaa federaalaa keewwata 70(2) jalatti abbaan alangaa yeroo
kamittuu kabaja ogummaa isaa eegsisuuf kan barbaachisu hunda guutee argamuu qaba jedha27.
Kun akkuma jirutti ta’ee bilisummaa ogummaa gama kabachiisuutiin ogummaa abbaa
alangummaa irraa waanti eegamu ni jira. Abbaan alangaa seera kabajuu fi kabachiisuu;
akkasumas dhugumatti seeraa fi sirna seeraa kan kabajuu fi kabachiisu ta’uu hawaasni amanuu
qaba.
Abbootiin alangaa himata hundeessuu ykn hundeessuu dhiisuu murteessuuf aangoo isaaniitti yoo
fayyadaman seeraa fi firii dubbii dhihaate irratti hundaa’uun malee dhiibbaa kallattii kamiinuu
dhufuun daangeffamuu hin qaban. Qajeelfamni raawwii hojii Waldaa Abbootii Alangaa
Addunyaa keewwata 2(1) jalatti abbootiin alangaa murtii kennan keessatti jiddulixummaa
siyaasaa irraa bilisa ta’uu akka qaban ni ibsa.
Bulchiinsa abbootii alangaa federaalaa ilaalchisee danbiin bahe keewwatni 11 abbaan alangaa
kakuu yoo kakatu dhimmoota bu’uuraa ibsu keessaa tokko “... dhiibbaa kamiyyuu osoo hin
sodaatiin haqummaan, garraamummaa fi ciminaan itti gaafatamummaa koo bahachuuf waadaan
seena ” kan jedhu dha. Kunis, bu’uura ogummaan isaa hayyamuun sodaa fi dhiibbaa malee
hojjechuuf waada kan seene ta’uu agarsiisa.
Hayyuun seeraa tokko gahee abbaa alangaa waliigalaa Kanaadaa ilaalchisee waan barreessan haa
ilaallu:
[o]ther members of cabinet, who usually collectively share responsibility for decisions and
directions of their colleagues, do not have to take any role or responsibility in connection with
decisions the Attorney General makes in exercising his or her prosecutorial discretion. In fact, it
is not constitutionally proper for them to direct those decisions. As law officer of the crown, the
Attorney General must exercise his or her prosecutorial function as an independent officer,
26
Akkuma 25ffaa, keewwata 7. 27
Danbiin bulchiinsa abbootii alangaa naannoo Amaaraas danbii bulchiinsa abbootii alangaa federaalaa wajjiin walfakkaata jechuun ni danda’ama.
63
independent of pressure from his or her cabinet colleagues. The prosecutorial decision is that of
the Attorney General. The result is that the Attorney General occupies a position of
independence unique among cabinet ministers.
Biyya Ingiliziitti bilisummaa himata banuu fi dhiisuu (prosecution) irratti abbaa alangaa
waliigalaa biyya Ingilizii kan turan yoo ibsan:
I think the true doctrine is that it is the duty of an Attorney-General,in deciding whether or not to
authorise the prosecution,to acquaint himself with all the relevant facts,including,for
instance,the effect which the prosecution,successful or unsuccessful as the case may be,would
have upon public morale and order, and with any other considerations affecting public policy.
In order so to inform himself,he may,although I do not think he is obliged to,consult with any of
his colleagues in the Government ;and in deed,as Lord Simon once said,he would in some cases
be a fool if he did not. On the other hand,the assistance of his colleagues is confined to informing
him of particular considerations,which might affect his own decision,and does not consist,and
must not consist in telling him what that decision ought to be. The responsibility for the eventual
decision rests with the Attorney-General, and he is not to be put, and is not put, under pressure
by his colleagues in the matter.
Aangoon abbaa alangaa waliigalaa kun aangoo fi itti gaafatamummaa abbootii alangaa sadarkaa
sadarkaan jiranis kan ilaallatu dha. Abbootiin alangaa murtii yoo kennan nama dhimmicha irratti
aangoo hin qabne ykn abbaa alangaa hiriyyaa isaanii ta’e mari’achuu danda’u. Haa ta’u malee,
murteessuun kan isaaniiti. Waan ta’eefuu, murtiin abbootiin alangaa kennan bilisummaa,
dhiibbaa fi jiddulixummaa siyaasaa akkasumas, sodaa hin mallee fi firummaa irraa haala bilisa
ta’een kennamuuti irra jira.
Kana jechuun garuu, abbaan alangaa dhimma kam irrattuu qajeelfamaa fi ajaja fudhachuu hin
qabu jechuu miti. Waajjirri abbaa alangaa akkuma qaama raawwachiiftuu caasaa mataa isaatii
qaba. Waajjirri abbaa alangaa keessa itti gaafatamtoonni sadarkaa adda addaa irratti argaman ni
jiru. Waajjiraalee kana keessatti hojii isaanii akka hojjetaniif aangoon bu’uura seeraatiin
kennameef ni jira. Himata ykn qorannoo galmee ilaalchisee aangoon kennameef ni jira. Waan
ta’eefuu, abbaan alangaa aangoo seeraan itti gaafatamtoota abbootii alangaa biroof kennaman
kana kabajuu qaba.
64
Danbii abbootii alangaa federaalaa lakkoofsa 44 keewwata 63(2) jalatti akka ibsametti abbaan
alangaa seeraan ala yoo ta’e malee ajaja abbaa alangaa ol aanaa irraa kennamu raawwachuu
qaba.
As irratti ajaja itti gaafatamaa ol aanaa yoo jennu eenyuunfaa hammata gaaffiin jedhu ka’uu
mala. Danbii kana keewwata 10 jalatti itti waamamni abbootii alangaa ministeeraaf akka ta’e
yommuu ibsu, keewwatuma kana keewwata-xiqqaa 2 jalatti ammoo abbaa alangaa isatti aanee
jiruufis itti waamamaa akka ta’e ni ibsa. Kana waan ta’eef, ajaja seeraan ala hin taane fudhachuu
kan danda’u hooggantoota abbootii alangaa isa garraa jiran qofaa irraati. Ajajoota, fi
jiddulixummaa abbootii taayitaa mootummaa kanaan ala jiran irraa garuu fudhachuuf dirqama
waan hin qabneef of eeguu akka qabu ni agarsiisa.
Hooggantoonni abbootii alangaa kunniinis himata akka bananiif ykn akka hin banneef ajaja yoo
kennan bifa iftoomina qabuu fi daangaa aangoo seeraan kennameefii jiru osoo hin darbiin ta’uu
qaba28. Haa ta’u malee, abbootiin alangaa hojii ogummaan isaanii hayyamuufiin ala akka
hojjetaniif yoo ajajaman (fakkeenyaaf, nama qulqulluu ta’e akka himataniif ykn nama yakka
raawwate akka hin himanneef dhiibbaan yoo irra gahu) kana dandamatanii bu’uura ogummaan
isaanii gaafatuun murteessuu qabu.
Galmee qorannoo isaaniif dhihaate tokko yommuu qoratan himata hundeessuuf ykn hundeessuu
dhiisuuf murtee isaan godhan yeroo hunda tilmaamamummaa qabaachuu kan qabuu fi gama
madaallii ragaaleetiinis ejjennoowwan qabataman walitti kan hin buune ta’uu qaba.
Abbootiin alangaa sossobbii fi sodaawwan qaamolee mootummaa aangoo hiqabne, miidiyaa,
abbaa alangaa hiriyyaa isaa ta’ee fi kkf irraa itti dhufu homaatti osoo hin lakkaa’iin bilisummaa
ogummaa isaanii bifa eegsiseen hojii isaanii hojjechuu qabu.
Abbootiin alangaa walitti dhufeenya hojii qorattoota isaanii waliin qabaniin walqabatee karaa
qorataa isaanii dhiibbaa hin malleen akka hin gaggeeffamneef (jechuunis qoraticha
gammachiisuuf ykn akka hin mufannee jechuun ykn walitti dhufeenya hojii ni miidhama
jechuun) akka hin murteessine of eeggannoo gochu qabu.
28
Standards of professional responsibility and statement of the essential duties and rights of prosecutors adopted by the international association of prosecutors on the twenty third of April 1999,kwt 2(2) fi 2(3) ilaalaa.
65
Murtiin abbaa alangaan kennamu dhiibbaa siyaasaa irraa bilisa akka ta’e hawaasni amanuu
barbaada. Kana gochuun ulfaataa akka ta’e ni tilmaamama. Haa ta’u malee, abbaan alangaa bifa
bilisummaa ogummaa isaa eeggateen irra deddeebiin murtii kennuun isaa mul’achaa kan dhufu
yoo ta’e, hawaasni waajjira abbaa alangaa irratti amantaa horachaa akka deemu taasisa.
Kana biratti, maalummaa bilisummaa ogummaa abbaa alangaa fi daangaan isaas hanga kamitti
akka ta’e hawaasa barsiisuun bilisummaan abbaa alangaa akka eegamuuf bu’uura guddaa waan
ta’uuf, abbaan alangaa gama kanaan hawaasa barsiisuu fi dadammaqsuutu irraa eegama.
Waan ta’eefuu, abbaan alangaa;
1. Himata hundeessuuf,hundeessuu dhiisuuf,himata eegalame addaan kutuuf,murtii adabbii
irra gahuuf firii dubbii,ragaa fi seera qofa irratti kan hundaa’e yoo ta’e;
2. Mootummaa gammachiisuuf ykn gaddisiisuuf sodaadhaan ykn dhiibbaadhaan kan hin
murteessine yoo ta’e;
3. Miidiyaadhaan,firoomaan,hiriyyummaa fi kkf’n dhiibbaa keessa galee kan hin
murteessine yoo ta’e;
4. Ajaja ykn qajeelfama kennuuf qaamolee aangoo hin qabneen osoo hin dhiibamiin kan
murteessu yoo ta’e;
5. Dhiibbaa gama qorataadhaan itti dhufuuf osoo hin jilbeeffatiin kan murteessu yoo ta’e;
6. Maalummaa bilisummaa ogummaa abbaa alangaa akkasumas,daangaa isaa hawaasa
yeroo hunda barsiisuuf qophii yoo ta’e naamusa bilisummaa ogummaa kabachiisuu
danda’u qaba jechuun ni danda’ama.
Bilisummaa Abbaa Seerummaa fi Bilisummaa Ogummaa
Abbaa Alangaa Ilaalchisee
Gaaffilee Marii
1. Jiddulixummaan karaa qaama raawwachiiftuutiin bilisummaa abbaa seerummaa
irratti dhufu karaa adda addaa ibsama. Fakkeenyaaf, falmiin mana murtii jiru himata
hiriyyaa ykn fira abbaa aangoo irratti godhamu ta’uu, ykn abbaan aangoo tokko
aangoo isaa garmalee fayyadamuun kan himatame ta’uu, ykn falmii gaggeeffamuun
manni hojii mootummaa hawaasa duratti kan itti qaana’uu waanti godhu uumamuu
mala. Jiddulixummaanis kan ittiin ibsamu akka abbaan seeraa ragaa qabatamaa
66
dhiisuun hubannoo addaa qabaatu dhiibbaa gochuu ykn ammoo sodaachisuu ta’uu
danda’a. Yeroo tokko tokko garee falmitootaa keessaa tokko waliin dhahaa kan jiru
ta’uu odeeffannoo kennuun ykn abbaan seeraa qaama raawwachiiftuuf loogee yoo
murteesse murtii kennametti gareen biraa homaa kan hin miidhamne ta’uu
amansiisuuf yaaluun ykn gareen biraa murtii mana murtii fudhachuuf qophii ta’uu
amansiisuuf yaaluun ta’uu danda’a. Abbaan seeraa dhimma qabatee jiru irratti
jiddulixummaan akkasii yoo mudatu waan narra gahu hin beeku jedhee sodaachuun,
maaliifan qaama raawwachiiftuu waliin walitti bu’a? jechuun akkasumas namni biraa
hanga hin beeknetti guutummaa sirna haqaa irratti rakkoo fidu hin qabu jechuudhaan
murtii fedhii qaama raawwachiiftuu guutu kennuu danda’a. Waan ta’eefuu, hanga
namni hin beeknetti rakkoo maal qaba? Waanti guddaan akka namni hin beeknetti
hanga hojjetametti abbaa seeraa irratti, gareewwan walfalman irratti, akkasumas
guutummaa sirna haqaa irratti rakkoo maalii qaba? gaaffiiwwan jedhaniif deebii maal
laanna?
2. Abbaan seeraa dhimma mootummaan itti himatame qabatee yoo ilaalu gorsaan
Pirezidaantii bulchiinsa mootummaa naannoo pirezidaantiin waantota tokko tokko
qulqulleessee akka ani isaaniif dhiheessuu waan barbaadaniif mee as kottu waliin
haasofna waan jedheef abbichi seeraa galmee qabatee deeme. Gorsaan pirezidaantii
himatamaan waliin dhahaa akka jiru ni beekna.Manni murtii maal akka murteessu
ilaallee nutis tarkaanfii barbaachisaa ta’e fudhanna jechuun pirezidaantiin akka
dubbatan abbaa seerichaatti hima. Abbichi seeraas 1) dhimma kana hin ilaalu jedhee
waraqaa qulqullinaa yoon gaafadhee namni dhiibbaan mootummaa waan irra jiruuf
jedhee manni murtii bilisa miti jechuun bilisummaa mana murtii irratti amantaa akka
dhabun taasisa. 2) Hooggantoonni ol’aanoo Naannoos ragaa mana murtiif hin
dhiheessiin kan hafan ragaa yoo dhiheessine iccitiin ifa baha; faayidaan uummataas ni
miidhama jedhanii yaadaniiti malee sababni biraa hin jiru jechuun akkaataa
hooggantoonni mootummaa barbaadanitti murteesse. Abbichi seeraa dhimma
qabatee jiru irratti gorsaa waliin mari’achuu isaa ilaalchisee akkasumas murtii kenne
sana murteessuuf akka sababaatti waantota inni dhiheesse ija naamusa ogummaa irraa
eegamuun madaalaa!
67
3. Hooggantoonni jidduulixummaan abbaa seeraa rakkisan mudachuu danda’u.
Jiddulixummicha kan dandamate ta’us muuxannoo kana namoota birootti ibsuun isaa
hawaasa biratti mootummaan hojii abbaa seerummaa jidduu kan lixu waan
fakkeessuuf mootummaa irratti ilaalcha yaraa akka qabaatu taasisuun abbootiin
seeraa biroos dhiibbaa walfakkaataa keessa kan jiran fakkeessa. Kun ammoo,
bilisummaan abbaa seerummaa balaa irra jiraachuu agarsiisa. Dabalataanis, namni
jidduu lixe jedhame sun tarii maqaadhaan yoo beekame maqaa balleessuutiin abbicha
seeraa himachuu danda’a waan ta’eef, himamuu yoo baate wayya falmiin jedhus ni
jira. Karaa biraatiin ammoo, abbaan seeraa jiddulixummaan itti dhufe dandamachuu
kan danda’e ta’uu haasa’uun isaa: 1) warreen biroof fakkeenya isa taasisa; ija
jabeessa 2) jidduu warri seenanis mormiin akkasii akka isaan mudachuu danda’u
beekanii akka of eeggatan godha warri jedhanis ni jiru.
Yaada isa kam deggartu? Maaliif?
Jiddulixummaan miseensota qaama raawwachiiftuun godhamu ilaalchisee
ibsamuu kan qabu haala kamiinidha? Ibsamuu kan hin qabne hoo yoomidha?
4. Abbootiin seeraa sa’atii hojiin ala kan dabarsan qaamolee raawwachiiftuu wajjiin yoo
ta’e, hawaasa ilaalu biratti murtii qaama raawwachiiftuu hin gammachiifne kennuu
irratti ni rakkata;waan ta’eefuu, sirni abbaa seerummaa bilisa ta’e jira jedhee
amanuudhaaf ni rakkata jedhamee falmiin ka’u ni jira. Abbaa seeraa fi hooggantoota
qaama seera raawwachiiftuu jidduu walitti dhufeenyi jiraachuu qabu hanga kamitti
ta’uu qaba?
5. Yeroo tokko tokko gareewwan hawaasa keessatti jaallatamanii fi kabajaman,
keessattuu mootummaa wajjiin walitti bu’uun yoo himataman abbichi seeraa
himatamaa irratti yoo murteesse hirkataa mootummaa jedhama. Sirni abbaa
seerummaas bilisa miti jedhama. Gama biraatiin, ragaan osuma jiruu himatamaa
bilisa baasuun deeggertoota biratti jaallatamummaa uuma. Haa ta’u malee yakkamaan
balleessaa balleesse osoo hin adabamiin hafa. Gama tokkoon bilisummaa abbaa
seerummaa eegsisuu fi hawaasnis bilisummaa abbaa seerummaa irratti amantaa akka
qabaatu gochuuf gama biraan ammoo namni balleesse tokko itti gaafatamummaa irraa
bilisa akka hin taane gochuuf abbaan seeraa maal akka godhuti irraa eegama?
68
6. Yeroo tokko tokko dhimma falmiif dhihaate irratti hawaasni naannoo baayyee godhee
jaallachuu irraan kan ka’e ifatti murtii attamii murteessuu akka barbaadu haalli itti
ibsu ni mudata. Fakkeenyaaf, magaalaatti hannaa fi dukkana daheeffachuun
reebichaan namni beekamu jira haa jennu. Namni kun yeroo yerootti himatamee itti
murtaa’ee adabbii isaa xumuree yoo bahu deebi’ee garuma saamichaa fi hannaatti
bobba’a. Hawaasni gocha kanatti mufatee baayyee haaree boo’aa osoo jiruu saamichi
cimaan ta’uun gochichaanis namni du’e. Gocha kan kan raawwate nama kana dha
jedhamee magaalaa keessatti ni haasa’ama. Poolisiin qorannoo eegaluun galmee
qorannoo isaa qindeeffatee abbaa alangaaf dhiheessa. Abbaan alangaas kanatti
gammaduun uummanni kun saamtuu kana irraa bilisa bahuu qaba jechuun himata
hundeessa. Isin abbaa seeraa dha.Jiraataa magaalaa sanaa ta’uu keessaniin waan
namicha himatame kana irratti haasa’amu ni beektu. Hawaasni abbaa seerummaa isin
irraa eega. Dhimmicha irratti murtii hawaasni hin barbaanne ykn haala uummanni
eeguun ala yoo murtaa’e uummanni maal akka godhu hin beektan. Maal gootu?
Dhiibbaa uummataa bu’uureffachuun murteessitumoo uummanni yoo jibbes naa haa
jibbu jettanii murteessitu? Dhimmicha ilaaluu irraa of qusattuu? Filannoowwan
kennaman kunniin faayidaa fi miidhaa dhaqqabsiisan tokko tokkoon kaasuun fooyyee
kan qabu kami akka ta’ee fi maaliif akka ta’e ibsaa.
7. Hojii abbootii seeraa to’achuu ilaalchisee lakkoofsi galmee kennanii fi yeroo hangam
keessatti xumuruu akka qaban yeroon kennamuuf jira. Kana yeroo jedhame kana
keessatti raawwadhu jedhamee ajajii fi qajeelfamni hooggantoota abbootii seeraan
kennamu (fakkeenyaaf, pirezidaantii) akka jiddulixummaatti lakkaa’amaa? Yeroo
tokko tokko abbootiin dhimmaa dhimmi isaanii lafarra jalaa harkifame pirezidaantii
mana murtiif iyyata dhiheessuu danda’u. Kana ilaalchisee pirezidaantiin abbaa seeraa
sana yoo dubbise akka jiddulixummaatti ilaalamuu qabaa?
8. Abbaan seerummaa ati kennite irra deddeebi’uun qeeqama. Kun bilisummaa
dhaabbata abbaa seerummaa kan dadhabsiisu ta’ee fudhatamuu danda’aa? Yeroo
tokko tokko manneen murtii ol aantummaa seeraa fi haqa eegsisuu irra himatamaa
bilisa baasuu irratti xiyyeeffatu qeeqni jedhu bilisummaa abbaa seerummaa miidhuuf
yaadameeti yaadni jedhu ni jira. Isin kana attamitti madaaltu?
69
9. Dhimma qabattee jirtu irratti yaada abbaa seeraa hiriyyaa kee ta’ee argachuuf ni
dubbifta. Haa ta’u malee, hiriyyaan kee sun walfalmitoota akkasumas ragoota biroo
waan beekuuf dhimmicha ilaalchisee gareen tokko waliin dhahaa kan jiru ta’uu
muuxannoo mataa isaa kaasee siif ibsa. Kunis ragaa dhihaate akka hin fudhanne
akkas jedhee itti himuunidha: “Ana osoo ta’ee ragaa waliin dhahaa kana
bu’uureffadhee hin murteessu.Haqni yoo dabu callisee hin ilaalu,” jedhe. Maal goota?
Hiriyyaa kee dhimmicha irratti marihachuun dura of eeggannoo attamii fudhachuu
qabda turte?
10. Abbaan seeraa tokko matta’aadhaan kan hojjetu ta’uu magaalaa keessatti irratti
haasa’ama. Kana irraa ka’amee, abbicha seeraa irratti himanni ni hundeeffama. Haa
ta’u malee, matta’aan hojjechuu isaa ragaan hin dhihaanne. Ta’us, Gumiin Bulchiinsa
Abbootii seeraa ragaan dhihaachuu baatus hawaasni matta’aan hojjeta jedhee
haasa’uun isaa bilisummaa abbaa seerummaa balaa irra waan buuseef abbaan seeraa
sun hari’amuu qaba jedhee murteesse. Dhimma kana isin attamitti madaaltu?
11. Haala qabatama biyya keenyaa irraa ka’uun abbaan seeraa tokkoo abbaa manaa ykn
haadha manaa siyaasa dammaqinaan hordofu/tu ykn dhaaba siyaasaa gaggeessu/tu
fuudhee ykn itti heerumte tokko bilisummaa abbaa seerummaa eeguuf akkasumas
hawaasa keessatti bilisummaa abbaa seerummaa irratti shakkiin akka hin uumamneef
amala attamii agarsiisuu qaba? Gochoota attamii gochuu irraa of qusachuu qaba?
12. Abbaan alangaa galmee qorataa jiru irratti ragaa gahaa ta’e akka hin qabne dhimma
beeku irratti himata banii falmi ajaji jedhu hoogganaa ol aanaa irraa yoo itti dhufe
maal gochuu qaba? Walitti dhufeenya akkasii keessatti rakkoowwan uumaman
dhabamsiisuuf sirna akkamii diriirsuu barbaachisa?
13. Abbaan alangaa galmeen qorannoo xumuramee dhufeef tokko ragaawan walitti
qabaman yoo qoratu gariin isaanii himatamaa kan fayyadan ta’ee arge. Dhimmicha
irratti himata banuun dura abbaa alangaa gararraa jiru waliin yoo mari’atu ragaa
himatamaa gargaaru kana himatamaan yoo beeke falmii abbaa alangaatti cimsa; ta’us
garuu himatamaaf ragaa kennuun barbaachisaa akka ta’e yaada isaa ibsa. Haa ta’u
malee, hoogganaan isaa himatamaa kan gargaaru ragaan himata keessatti akka hin
ibsamne akkasumas himatamaafis ragaa kennuu akka hin qabne qajeelfama kenna.
Abbaan alangaa maal godhuuti irraa eegama?
70
2.3.2. Alloogummaan Hojjechuu (Impartiality)
2.3.2.1. Abbaa seerummaa fi Alloogummaan Hojjechuu
Dirqamoota ogummaa abbaa seeraa irraa eegaman keessaa tokko gareewwan walfalman hunda
haala loogii irraa bilisa ta’een ija walqixa ta’een ilaalee seerummaa kennuu dha.
Labsiin Manneen Murtii Federaalaa Hundeessuuf Bahe Lak. 24/88 keewwati 8(1) abbaa
seerummaaf filatamuuf haalota nama dandeessisan kan jedhu keessatti ” ....haqummaan
hojjechuun maqaa gaarii kan horate” akka ulaagaa tokkootti kaa’a. Kunis abbaan seeraa kan
loogu akka hin taane kan ibsu dha.
Danbiin naamusa abbootii seeraa federaalaa lakkofsi 5 mirga abbootii dhimmaa walqixxummaan
eeguu kan jedhu keessatti abbaan seeraa gareewwan mana murtiitti dhihaatan hunda
walqixxeessee ilaaluu fi mirga isaaniis walqixxummaan eeguu qaba. Kanaafuu,
maatiin,amantiin, sabni,sablammiin,siyaasni,hawaasummaan ykn walitti dhufeenyi biroo hojii
abbaa seerummaa irratti dhiibbaa akka godhaniif hayyamuu hin qabu jedha. Danbii naamusa
abbootii seeraa naannoo Amaaraa keewwata 14(1) jalattis tumaa walfakkaatu argina. Abbootiin
seeraa gareewwan walfalman walqixxeessanii ilaaluu qabu. Murtii ykn ajaja kan kennan firii
dubbii fi ragaa dhihaateef qofa irratti hundaa’uuni dha jedha.
Loogii malee hojjechuuf jiraachuun bilisummaa abbaa seerummaa haala duree murteessaa dha.
Abbaan seeraa bilisa hin taane bifa kamiinuu loogii irraa bilisa ta’ee ni hojjeta jedhanii
dubbachuun rakkisaa dha.
Haa ta’u malee abbaan seeraa tokko bilisa waan ta’eef qofa yeroo hunda loogii malee hojjeta
jechuun hin danda’amu. Bilisummaan hojjechuu jechuunii fi loogii malee hojjechuu jechuun
duudhaalee adda addaa dha.
Abbaan seeraa gochawwan loogii uuman irraa bilisa ta’uu qaba yoo jedhamu murtii kennu qofa
irratti osoo hin taane adeemsi isaas loogummaan kan keessatti calaqqisu ykn kan calaqqisu
fakkaachuu hin qabu jechuu dha.
Namoonni abbaa seeraa tokkoon loogaa dha tilmaama jedhu keesssa akka galan kan godhan
sababoota hedduu ta’uu danda’u:
71
a. Amala abbaan seeraa sun dhaddacha irratti agarsiisu ykn gocha raawwatu
b. Walitti dhufeenyaa fi sochii abbaan seeraa tokko mana murtiin alatti qabu
c. Walitti bu’insa fedhii ta’uu danda’a.
Abbaan seeraa walqixxummaa fi alloogummaa gama kabachiisuutiin dirqama naamusa
attamiituu irraa eegama?
Abbaan seeraa bias fi prejudice (ilaalcha waldarbaa) irraa bilisa ta’uu qaba
Dabalataanis, ija nama dhama qabeessaatiin yoo ilaalamu gochawwan loogii uuma
jechisiisuu danda’an irraa of qusachuu qaba.
Waan ta’eefuu,abbaan seeraa loogii malee murteessuu qofa osoo hin taane loogii malee kan
murteessu ta’uun isaa hawaasa birattis amantaa argachuu qaba. Sadarkaan naamusaa ogeessa
tokko irraa eegamus kan madaalamu ulaagaa kanaan ta’a.
1. Ilaalcha Waldarbaa
Ilaalcha Waldarbaa jechuun maal jechuu dha?
Sanadni ibsa naamusa abbaa seerummaa Baangiloor ilaalcha waldarbaa (bias and prejudice)
akka itti aanutti ibseera:
Bias or prejudice has been defined as a learning, inclination, bent or predisposition
towards one side or another or a particular result. In its application to judicial proceedings
it represents a predisposition to decide an issue or cause in a certain way which does not
leave the judicial mind perfectly open to conviction. Bias is a condition or state of mind,
an attitude,or point of view,which sways or colors judgement and renders a judge ubnable
to exercise his or her functions impartially in a particular case.29
Kana jechuun gabaabumatti dhimma durumaan keessa ofiitti murteessan irratti murtii kennuu
jechuu dha. Fakkeenyaaf,”filannoon jeeqamuun isaa hin hafu waan ta’eef jeeqameera”;
“daldaalaa jechuun durumaan waliin dhooftuu jechuu dha”; dubartoonni hin amanaman”;nama
amantii taanaan sobuu hin danda’u,fi kkf”. Abbootiin seeraa ilaalcha akkasii qaban falmiiwwan
dhihaatan loogii irraa bilisa ta’anii murteessuu hin danda’an.
29
Akkuma 28ffaa,Fuula 55.
72
Abbaan seeraa yeroo tokko turan hojjettoota mootummaa waliin dhahuun himataman; dhimmichi
ganaa sadarkaa falmii irra osoo jiruu “tuuta hattuu”jechuun maqaa itti baasaa turan. Abbaan
seeraa kun jalqabumaanuu himatamtoota irratti murteesseera. Ragaawwan dhihaatan sammuu
qulqulluun qorachuu haala isaan dandeessisu keessa hin jiran. Ejjennoo isaanii kana ragaan
jijjiiru yoo dhufes fudhachuuf ni rakkatu. Ragicha karaa kufaa itti taasisan barbaadu malee.
Waan ta’eefuu, abbaan seeraa ilaalcha waldarbaaf akka hin saaxilamneef yeroo hundumaa
jijjiirama aadaa fi duudhaalee hawaasa keessa jiru dammaqinaan hordofuu qaba.Waanti tokko
yeroo tokkotti ilaalcha sirrii jedhamee kan tilmaamamu yeroo biraa ammoo ilaalcha jallaa ta’uu
danda’a.
Akkas yoo jedhamu garuu, abbootiin seeraa ilaalcha falasama ofii isaanii qabaachuu hin qaban
jechuu miti. Nama waan ta’aniif qofa falasama mataa isaanii ni qabaatu. Hin qaban jechuun
waan hin yaadamnee fi hin danda’amne dha. Nama ulaagaa naamusaa, ilaalchaa fi falasama
mataa isaa hin qabne argachuun rakkisaa dha. Haa ta’u malee, seera cabsee hanga hin hojjennetti
ykn ragaawwan seera duratti fudhatama qaban akka hin fudhatamne hanga hin goonetti akka
rakkootti ilaalamuu hin qabu. Ilaalchi, ykn falasamni ilaalcha waldarbaa irraa adda bahee
ilaalamuu qaba.
Abbaan seeraa abukaattota, ragaa namootaa, gareewwan walfalmanii fi kkf irratti jechoota hin
malle fayyadamuun salphisuu irraa of qusachuu qaba.Yeroo tokko tokko abukaattoo tuquuf
jedhamee “kaabaa kanatti itti fuudhe” jechuun yeroo abbootiin seeraa ibsa hin malle fayyadaman
ni jira. Abbaan seeraa akkas jedhu falmii abukaattoon dhihaatu ilaalcha jallaa irraa bifa bilisa
ta’een ilaala jechuuf nama rakkisa. Abbootiin dhimmaa abukaattoon bakka buufamanis murtiin
manni murtii kennu loogii irraa bilisa jedhee fudhachuuf ni rakkata.
Abbootiin seeraa jechoota akkas nama tuqan irraa of qusachuu qofa osoo hin taane abukaattonnis
ta’an walfalmitoonni jechoota akkasii akka hin fayyadamne to’achuu ykn dhaabsisuu qabu.
Abbootiin seeraa namoota balleessaa qabanillee yoo adaban himatamaaf kabaja barbaachisaa ta’e
kennuu haala agarsiisuu danda’uun ta’uu qaba malee jechoota salphisanii fi gadi buusan
fayyadamuu hin qaban. Dhugaa dha garuu, himatamaan yakka raawwachuu isaatiin miidhaa
hawaasa irraan gaheef sadarkaa aarii hawaasichaa mul’isuu qofaan ifachuun itti gaafatamummaa
73
abbaa seeraa ta’us jechoota daangaa darbanii fi arrabsoo nama salphisan fayyadamuun garuu
dhorkaa dha.
Kanatti dabalees,
Dhaddacha irratti mallattoonis ta’e jechaan garee tokkoof gadda agarsiisuun;
Gareen tokko yeroo dheeraa fudhatee akka dubbatuuf carraa laachuun garee biraa
ammoo dhorkachuun;
Gocha yaada garee tokkoo qofaaf xiyyeeffannoo laachuu agarsiisu mallattoonis
ta’e gochaan agarsiisuu,fi kkf
Ragummaa kennamu irratti kolfuu;mallattoo nuffii agarsiisuu;
Murtii yoo barreessan ragaawwan dhihaatan osoo hin tuqiin murtii kennuu fi kkf
loogummaa jechisiisuu waan danda’uuf of eeggannoo gochuu qabu.
Abbootiin seeraa jechoonni dhaddacha irratti fayyadaman loogummaa kan
calaqqisiisan (stereotyping) akka hin taane of eeggannoo barbaachisaa ta’e gochuu
qabu. Fakkeenyaaf, abukaattoo dubartii dhaddacha irratti dhihaatan “ bareedduu
koo” “haadhakoo” fi kkf jedhanii waamuun fedha saalaa ibsuu waan fakkeessuuf
irraa of qusachuun barbaachisaa dha.
Akkasumas ilaalcha waldarbaa dubartootaaf qabnu jechoota ibsan fayyadamuu
irraa of qusachuun barbaachisaa dha. Fakkeenyaaf, abbaan seeraa tokko “himanni
kun dubartiin kan qophaa’e ta’uu qaba” jechuun qabiyyee himatichaa kan qeeqe
yoo ta’e abbichi seeraa sun dhimma saalaa irratti ilaalcha badaa qabaachuu isaa
agarsiisuu danda’a.
Hojjettoonni mana murtii, gareewwan walfalman ykn abukaattonni gochaan,
haasaan tuttuqaa saalaa ykn gosummaa agarsiisu akka hin jiraanneef abbaan seeraa
eeguu qaba. Jechuunis, gochicha dhaabachiisuu ykn tarkaanfii barbaachisaa ta’e
fudhachuu qaba.
Danbii naamusa abbootii seeraa federaalaa keewwati 11 Gareewwan Walfalman
To’achuu kan jedhu jalatti kan armaan gadii tumamee jira: gareewwan walfalman
amala hin barbaachifne yoo agarsiisan ykn gocha hin barbaachifne yoo raawwatan
ykn osoo hin qophaa’in dhihaachuun sababa uumuun dhimmi akka addaan hin
74
cinne gochuu yoo yaalan abbaan seeraa ifachuu fi sirreessuu qaba; barbaachisaa
yoo ta’e ammoo tarkaanfii fudhachuu qaba.
Abbaan seeraa gaaffii ifa hin taaneef gaafachuu qaba. Garuu, abukaatoo garee
tokkoo bifa fakkaatuun gaafachuun kan muddu yoo ta’e loogummaa dha jedhamee
hiikamuu,ykn ilaalamuu danda’a.
Abbootiin seeraa sirna dhaddachaa kabachiisuu qabu. Danbiin naamusa abbootii
seeraa federaalaa keewwata 8 Hojii hojjetuun kabaja mana murtii eeguu kan
jedhu jalatti abbaan seeraa yeroo kamittuu hojii hojjetuunis ta’e dhaddacha
qajeelchuun kabaja mana murtii eeguu qaba jedhamee tumamee jira. Danbii
naamusa abbootii seeraa naannoo Amaaraas keewwata 16(2) jalatti haaluma
walfakkaatuun abbootiin seeraa adeemsa murtii haala sirna qabeessa ta’een akka
gaggeeffamu gochuuf dirqama kan qaban ta’uu kaa’a. Haa ta’u malee
dogoggoroota xixiqqaa hunda irratti dhaddachi jeeqameera jechuun gareewwan
walfalman ykn abukaattota irratti tarkaanfii kan fudhatan yoo ta’e namootni biroo
abbootiin seeraa loogiidhaan hojjetu hubannoo jedhu qabaachuutti geeffamuu
danda’u.
2. Ija Nama Dhama Qabeessaatiin Yoo Ilaalamu Loogaa Fakkaatanii Argamuu Irraa
of Qusachuu
Loogiin hojjetamuu baatus ija nama dhama qabeessaatiin yoo ilaalamu hojii loogummaa
qabu kan hojjetu fakkaachuu hin qabu. Fakkeenyaaf, dhaddachaan alatti garee walfalmu
wajjiin wal arguu irraa of qusachuu qaba.
Gama biraatiin abbaan seeraa tokko abbootii seeraa biroo waliin dhimma qabatee jiru
irratti mari’achuun barbaachisaa ta’us, abbaa seeraa dhimmicha akka hin ilaallef
dhaddacha irraa ka’e wajjiin ykn abbootii seeraa ol iyyataan dhimmicha ilaaluu danda’an
wajjiin mari’achuu hin qabu.
Gareen tokko murtii abbaa seeraa qeequun miidiyaa irratti yoo barreesse murtiin abbootii
seeraa sirrii akka ta’e amansiisuuf jecha deebii kennuu irraa of qusachuu qabu. Ta’uu
baannaan, abbootiin seeraa loogummaan hojjetu gudunfaa jedhu irra gahamuu danda’a.
Haa ta’u malee, yaadni miidiyaan dhihaate dogoggora yoo ta’ee fi kanas sirreessuun
barbaachisaa yoo ta’e akka sirratuuf manni murtii karaa reejistiraaraa ibsi akka kennamu
gochuun barbaachisaa dha.
75
Dhimma gara fuulduraatti abbaa seerummaan ilaalamuu danda’u irratti dursanii yaada itti
kennuu irraa of qusachuun barbaachisaa dha. Abbaan seeraa tokko dhimmichi isaaf
dhihaachuun dura dhimmicha irratti ibsa kan kennu yoo ta’e yommuu dhimmichi
dhihaatuuf loogii irraa bilisa ta’ee ilaala jechuuf ni rakkisa. Akka carraa ta’ee abbaan
seeraa tokko dursee ibsa kan kenne yoo ta’e dhimmicha ilaaluu dhiisuun filannoo sirrii
ta’a. Kun ammoo abbaan seeraa dirqama isaa sirriitti akka hin bahanne kan godhuu fi
abbootii seeraa biroo irrattis hojii akka baay’atu kan godhu dha.
3. Walitti Bu’insa Dantaa Dhuunfaa
Walitti bu’insa dantaa dhuunfaa yoo jiraate ykn jira jedhamee kan tilmaamamu yoo ta’e
abbaan seeraa dhimmicha ilaaluu hin qabu.
Walitti bu’insi dantaa dhuunfaa jira jedhamee kan tilmaamamu dantaan abbaa seeraa ykn
firoota isaa dhihoo ykn kan biroon itti gaafatamummaa hojii abbaa seerummaa wajjiin
walitti bu’an ykn walitti bu’u jedhamee ija nama dhama qabeessaatiin kan tilmaamamu
yoo ta’e dha.
Labsii Lak.25/88 kwt. 27 dhaddacha irraa ka’uu abbootii seeraa kan jedhu keessatti
abbaan seeraa tokko haalawwan dhaddacha irraa itti ka’u tumameera. Isaanis:
a. Abbaan seeraa gareewwan walfalman keessaa tokko wajjiin ykn abukaattoo wajjiin
firooma dhiigaa ykn fuudhaa kan qabu yoo ta’e;
b. Abbootiin seeraa gareewwan walfalman keessaa tokkoof guddistummaa, dubbi fixaa,
ykn abukaattoo ta’ee dhimma ilaale yoo ta’e;
c. Abbaan seeraa dhimma falmiin irratti ka’e tokko dursee abbaa seerummaan ykn
araaraan kan ilaale yoo ta’e ykn kan beeku yoo ta’e;
d. Abbaan seeraa gareewwan walfalman keessaa tokko wajjiin ykn abukaattoo wajjiin
falmii mana murtiitti qabamee jiru kan qabu yoo ta’e;
e. Armaan olitti sababoota (a) hanga (d)tti agarsiifaman ala murtiin haqa qabeessa ta’e
hin kennamu sababni jechisiisu yoo jiraate
Sababoota olii kanaan abbaan seeraa dhaddacha irra taa’uu akka hin qabne yoo beeku dhaddacha
irraa ka’uun abbaa seeraa biraan bakka buufamuu qaba. Fakkeenyaaf akka Koodii Naamusa
Baangilooritti (Banglor Code of Conduct):
76
Abbaan seeraa faayidaa mataa isaa yoo qabaatu
Hiriyyaan isaa dhihoo ykn gareen tokko hiriyyaa isaa waliin lola dhuunfaa kan qabu yoo
ta’e;
Akkasumas,dhimmicha irratti yaada isaa ifatti kan kenne yoo ta’e;
Galmeen abbaan seeraa ilaalaa jiru sun kan dhaabbata abbaan seeraa sun yeroo dhihoo
keessatti hojii abbaa seerummaa dhiisuun itti hojjetu yoo ta’e; loogummaan inni godhu
beekamuu baatus hawaasni abbootii seeraa irratti ilaalcha sirrii hin taane akka hin
qabaanneef dhaddacha irraa ka’uu qaba.
Abbaa seeraa ta’uun dura abukaattummaan dhimma qabate tokko akka ilaaluu hin
gorsamu;
Bifuma walfakkaatuun waajjirri duraan keessatti qacaramee inni hojjetaa ture himatamaa
yeroo ta’ettis sochii fi hirmaannaa inni duraan godhaa tureen walitti bu’insi dantaa ni
uumama jedhamee kan tilmaamamu yoo ta’e dhimmicha akka hin ilaalle gochuu danda’a.
Abbaan seeraa abbaa aksiyoona waldaa ta’uu isaa qofaan waldichi yoo himatame abbaa
seerummaa irraa akka of kaasu hin eegamu. Haa ta’u malee, gaheen aksiyoona isaa
guddaa ta’uu isaatiin murtii darbuun fayyadamaa ykn miidhamaa kan ta’u yoo ta’e
dhimmicha ilaaluu irraa of qusachuun gaarii dha.
Abbaan seeraa sababa hojii abbaa seerummaatiin kan walqabate osoo hin taane karaa
biraatiin beekumsi dhimmicha irratti qabu abbaa seerummaa irraa akka ka’uuf sababa ta’a.
Haa ta’u malee, abbaan seeraa dhimmicha beekuu kan danda’e dhimma walfakkaataa kana
dura murtii kenne irratti yoo ta’e ykn dhimma biraa seerummaa inni laate irratti walfalmii
garee tokkoon godhameen yoo ta’e ykn falmii gareewwan biroo qabaniin yoo ta’e garuu
dhaddacha irraa kaasisuuf sababa hin ta’u.
Gama biraatiin, abbaa seeraa ta’uu isaan dura miseensa ykn deggeraa dhaaba siyaasa
tokkoo yoo ta’e dhaddacha irraa akka ka’uuf sababa ta’uu hin danda’u. Abbaa seeraa ta’ee
nan hojjedha jedhee waadaa yoo seenu loogii irraa haala bilisa ta’een, hunda
walqixxeessee ilaaluu fi gartummaa siyaasaa akka hin qabaanne amanee dhiisee kan itti
seene akka ta’etti lakkaa’ama waan ta’eefi. Gahumsi inni mana hojii biraa keessatti
agarsiise mataan isaa abbaa seeraa ta’ee akka filatamuuf ulaagaa ta’ee dhihaachuus
danda’a.
77
Amantaan, sabni, saalli, umrii, haalli barnootaa, fi muuxannoon hojii abbaa seeraas akka
waliigalaatti abbaa seerummaa irraa kaasuuf akka sababaatti dhihaachuu hin danda’u.
Sababni isaa dhimmoonni kunniin abbaa seeraa sana gartokkotti jallisu (bias) jedhamanii
hin tilmaamaman.
Dhimmi biraa abbaan seeraa kabajuu qabu, gareewwan walfalman keessaa tokko abbaan
seeraa dhimma koo alloogummaan hin ilaalu; kanaafuu, dhaddacha irraa naaf haa ka’u
jedhee gaaffii yoo dhiheesse abbaan dhimmaa sun jibba ykn miidhaa dhuunfaa irraan kan
ka’e hamilee tuquuf ykn aarsuuf akka ka’etti fudhachuu irraa of qusachuu dha. Innumaa
akkaataa inni itti fudhatu of eeggannoon kan guute ta’uu baannaan abbaan seeraa sun
loogaa dha yaada jedhu caalaatti kan cimsu dha.
Dhimmoota olitti ibsaman kanneen keessaa tokko kan mudate ta’us yeroo tokko tokko abbaa
seerummaa akka hin laanne haalonni godhan jiraachuu danda’u. Fakkeenyaaf, naannoo sana
kan jiru dhaddacha tokkoo fi abbaa seeraa tokko qofa yoo ta’e dhimmicha ilaaluun alatti
filannoo biraa hin qabaatu. Yookiin abbootiin seeraa mana murtii jiran baayyinaan walitti
bu’insa dantaa dhuunfaa kan qaban yoo ta’ee fi namni hundi abbaa seerummaa kan hin
kennine yoo ta’e tajaajilamaa rakkisuu waan ta’uuf murteessuu dhiisuurra murteessuu wayya.
Ta’us, kun haala addaa ti.
Haa ta’u malee, abbaan seeraa yeroo yerootti dhaddacha irraa akka hin kaaneef haalota walitti
bu’insa dantaa dhuunfaa uuman irraa of qusachuu qaba. Kun hojii abbaa seerummaaf dursa
laachuu dha; abbootii seeraa biroottis hojiin akka hin baay’anne of eeggachuu dha.
Fakkeenyaaf,
Dhaabbilee mana murtiitti deddeebii baay’isan keessatti gahee qabaachuu dhiisuu
Dhaabbilee akkanaa keessatti dursee abbaa aksiyoonaa ta’eera yoo ta’es nama biraatti
dabarsuun walitti bu’insa fedhii uumamuu danda’u xiqqeessuuf dhamahuu qaba.
Waan ta’eefuu, abbaan seeraa:
Gareewwan walfalman jidduutti sanyiin,bifaan,sabummaan,amantaan, saalaanii fi kkf
niin garaagarummaa osoo hin uumiin mirga falmii kan eegu yoo ta’e;
Ilaalcha waldarbaa irraa bilisa yoo ta’e;
78
Kabaja dhaddachaa eegsisuuf tarkaanfii inni fudhatu madaalawaa fi of eeggannoon kan
guute yoo ta’e;
Dursee yaada kennuu irraa kan of qusatu yoo ta’e;
Dhimmoota walitti bu’insa dantaa uuman irraa dursee kan of fageessu yoo ta’e;
Galiiwwan walitti bu’insa dantaa uumuu danda’an dursee yoo beeksise;
Walitti bu’insi dantaa yeroo uumametti abbaa seerummaa kennuu yoo dhiise;
Itti fayyadama jechootaa, mallattoo fi kkf loogummaa fi ilaalcha waldarbaa qabaachuu
kan hin agarsiifne yoo ta’e;
Walitti dhufeenyi inni gareewwan walfalman wajjiin godhu iftoomina kan qabu yoo ta’e
loogii malee hojjeta amantaa jedhu uuma. Hawaasnis qaama abbaa seerummaa irratti
amantaa ni qabaata jechuu dha.
2.3.2.2. Abbaa Alangummaa fi Alloogummaan Hojjechuu (Impartiality)
Abbaan alangaas akkuma abbaa seeraa alloogummaan hojjechuu qaba. Sanyiin, saalaan, ilaalcha
siyaasaan, miidhaa qaamaa fi kkf irraa ka’uun shakkamtoota, himatamtoota, qorattoota,
ogeessota seeraa biroo ykn walitti dhufeenya namoota biroo waliin godhu keessatti loogii gochuu
hin qabaatu.
Himatamtoonni karaa bilisaa fi haqa qabeessa ta’een mirga dhimmi isaanii ilaalamuu argachuu
isaanii akka kabajamuuf dhamaatee barbaachisaa ta’e gochuun kan jiru yoo ta’u;
Ragaan himatamtoota fayyadu harka isaa yeroo galuttis ragaawwan kanniin bu’uura seera
deemsa falmii rogummaa qabuutiin himatamtootaaf akka kennuti irraa eegama.
Eenyummaa ragaa namootaa himatamtoota fayyadanii himatamtootaaf ibsuuti irraa
eegama.
Mana murtii sossobuu ykn osoo beekuu dogoggorsuu irraa of qusachuu qaba.
Yeroo murtii adabbiis ta’u himatamaa ilaalchisee sababni adabbii salphisu yoo jiraate
ibsuuf dirqama ogummaa ni qabaata.
Abbootiin alangaa gara adeemsa murtii ijoo ta’etti galuun dura sadarkaa himata dhagahuutti
ragoota abbootiin alangaa dhiheessan himatamtootaaf ifa gochuuti irraa eegama (pre trial
disclosure of relevant evidences to accused persons). Sababni isaa, abbootiin alangaa haqaa fi
79
dhugaaf kan dhaabbatan malee himatamaa mo’achuu akka galma ogummaa godhanii ilaaluu hin
qaban.
It cannot be over-emphasized that the purpose of a criminal prosecution is not to obtain a
conviction; it is to lay before a jury what the crown considers to be credible evidence relevant to
what is alleged to be a crime. Counsel has a duty to see that all available legal proof of the facts
is presented; it should be done firmly and pressed to its legitimate strength but it must also be
done fairly. The role of prosecutor excludes any notion of winning or losing;his function is a
matter of public duty than which is civil life there can be none charged with greater personal
responsibility. It is to be efficiently performed with an ingrained sense of the dignity, the
seriousness and the justness of judicial proceedings.
Ragaan himata dhihaatee bifa seeraan ala ta’een walitti kan qabame yoo ta’e ykn mirgoota
bu’uuraa himatamaa cabsuun walitti kan qabame yoo ta’e ragicha himata dhihaate raggaasisuuf
akka hin gargaarre gochuu bira darbee qaamolee mirgoota bu’uura cabsuun ragaa walitti qaban
qulqulleessuun seeratti akka dhihaatan gochuun dirqama abbootii alangaa ti.
Abbootiin alangaa hojii isaanii loogii malee hojjechuuf qaphxiilee armaan gadii irratti
xiyyeeffannoo gochuu qabu:
Dhiibbaa namoota dhuunfaa, ykn gareewwan murtaa’an ykn miidiyaa fi hawaasaa jalatti
osoo hin kufiin faayidaa uummataa eeguu;
Adeemsi murtii haqa qabeessa ta’e akka jiraatuuf qulqullummaa ykn balleessummaa
shakkamaa ilaalchisee qorannoon barbaachisaa ta’e akka gaggeeffamu gochuun bu’aan
qorannichaas ifa akka ta’u gochuu;
Bu’uura seeraa fi qajeeltoo madaalamummaa hawaasa keessa jiruun (equity)
himatamtoota, miidhamaa fi hawaasa jidduutti manneen murtii haqa sirrii akka godhanii
fi dhugaa akka barbaadan yaalii barbaachisaa gochuun manneen murtii gargaaruu dha.
Bifuma walfakkaatuun abbaan alangaa ilaalcha waldarbaa ta’e (bias) irraa kan fagaate ta’uuti
irraa eegama. Himatamaa, ragaa, ykn nama biraa jibbisiisuuf ykn mufachiisuuf yaadota
yaadaman kennuu ykn gaaffii gaafachuu hin qabu.
80
Gochawwan walitti bu’insa dantaa fidan hir’isuun abbaa alangummaa irraa haalawwan
kaasan hir’isuu; akkasumas, abbootii alangaa birootti hojiin akka hin baay’anne gochuu
qabu. Galiiwwanii fi sochiiwwan daldalaa walitti bu’insa dantaa uumuu danda’an beeksisuu,
walitti bu’insi fedhii uumamee yoo argame ammoo abbaa alangummaa kennuu dhiisuuti irraa
eegama.
Danbiin Naamusa Ittiin Bulmaata Abbootii Alangaa Federaalaa Lakkoofsi 84/91 keessatti
kan itti aanu arganna30.
Keewwata 68 Hojii Mootummaa fi Dhimmoota ykn Dantaa Dhuunfaa Jidduutti Walitti
Bu’insa Fedhii Uumamu
1. Abbaan alangaa kamyyuu dhimmi (dantaan) dhuunfaa, firoota isaa, ykn jaalleewwan isaa
sababa hojiitiin dhimma uummataa ykn dhuunfaa wajjiin walitti kan bu’u yoo ta’e abbaa
alangaa ol’aanaa isaa ta’etti dafee beeksisuun dhimmichi abbaa alangaa biraan akka
ilaalamu iyyachuu qaba.
2. Abbaan alangaa ol aanaa iyyatni dhihaateefis murtii barbaachisaa dha jedhe kennuu qaba.
Abbaan alangaa akka waliigalaatti hawaasa bakka bu’ee kan socho’u waan ta’eef akka
abukaattoon dhuunfaa tokko godhutti miidhamaa yakkaa tokko qofa deggaree akka socho’uuf
irraa hin eegamu. Kana jechuun garuu, namoota yakkaan miidhaman gonkumaa ilaaluu hin qabu
jechuu miti. Murtii murteessu keessatti miidhaan miidhamaa yakkaa irra gahuu waan danda’uuf
dursee itti yaaduu fi qophaa’uu barbaachisa. Waan ta’eefuu, yaadaa fi fedhii isaanii tilmaama
keessa galchuun garuu ammoo alloogummaan murteessuuti irraa eegama.
Waan ta’eefuu, abbootiin alangaa:
Sanyiin,saalaan, ilaalcha siyaasaa fi kkf irratti hundaa’uun garaagartummaa uumuu irraa
kan of qusatan yoo ta’e;
Adda durummaan bakka bu’oota uummataa ta’uu irraan kan ka’e balleessitoonni akka
adabamaniif;qulqulloonni ammoo akka hin adabamneef kan hojjetan yoo ta’e;
Ragaa himatamaa fayyadu yeroo arganitti himatamaatti kennuuf qophii yoo ta’an;
30
Danbiin naamusaa ittiin bulmaata abbootii alangaa naannoo fakkeenyaaf kan Amaaraa kan fedraalaa wajjiin walfakkaata waan ta’eef asitti kan federaalaa ibsuun qofti gahaa dha.
81
Qorattoota ragaa seeraan ala funaanan irratti tarkaanfiin akka fudhatamuuf waanta
barbaachisaa ta’e gochuuf qophaa’oo yoo ta’anii fi qabatamaattis kan godhan yoo ta’e;
Ilaalcha waldarbaa ta’e irraa kan fagaatan yoo ta’e;
Walitti bu’insa dantaa kan dhabamsiisan yoo ta’e amala naamusaa loogii irraa bilisa ta’e
qabu jechuun ni danda’ama.
Loogii Irraa Bilisa Ta’uu Ilaalchisee
Gaaffilee Marii
1. Hojii abbaa seerummaas ta’e abbaa alangummaa fakkeenyaaf kan akka ragaa
madaaluu, ilaalchawwan waldarbaa amanamummaa ragaa irratti karaa loogii irraa
bilisa ta’een akka hin hojjetamneef dhiibbaa uumuu danda’u jettanii tilmaamtan
kaasuun irratti mari’adhaa.
2. Waayita dhaddacha qajeelchanitti jechoonni, amallii fi kkf loogummaa agarsiisu
jedhamuun abbaa seeraatiin ibsamuu danda’an kaasaatii irratti mari’adhaa.
3. Himataan himata isaa yoo ibsu, “akkuma beekamu egaa yeroo ammaa kana daldalaan
karaa haqa qabeessa ta’een daldalee buufatu hin jiru,”jedhee yoo eegale,
himatamaanis jechi himataa sirrii miti jedhee iyyata mana murtiitti yoo dhiheesse
abbaan seeraa maal gochuu qaba?
4. Mana amantaa Ortodoksii keessaa meeshaan ittiin faarfatan hatameera jedhamee
nama hate irratti himanni banameera haa jennu. Abbaan seeraa nama amantaa
kiristaanaa Ortodoksii, Pirotistaantii ykn Isilaamaa hordofu ta’uu isaatiin murtii ykn
adabbii dabarsu irratti garaagarummaa ni uumaa? Keessattuu, abbaan seeraa amantaa
Ortodoksii hordofu sun loogii irraa bilisa ta’ee ilaaluu danda’a? Warreen biroohoo?
Eenyuti loogii irraa bilisa ta’uun ilaaluu danda’a? Dhimma kana irratti falmiiwwan
ka’uu malan kaasuun abbaa seeraa irraa maalti akka eegamu irratti yaada kennaa!
5. Dhimmoota uummataan beekaman (public) irratti abbaan seeraa dursee yaada kennuu
irraa of qusachuu qaba yoo jedhamu: 1) yaada yoo qabaates bakka namni hedduu
dhagahuu danda’utti dubbachuu hin qabu jechuu dhaa? 2) Uummataaf ta’uu baatus
hiriyyaa isaa dhihoottuu ibsuu hin qabu jechuu dhaa? 3) Eenyuttuu himuu baatu
yaadaa fi ejjennoo qabachuu irraa of qusachuu qaba jechuu dhaa? Kana hojiirra
oolchuun gama miidhaa inni dhaqqabsiisuun mari’adhaa. Abbaan seeraa, seeraa fi
82
ragaa irratti hundaa’uudhaan hangan murteessetti yaada yoon kenne rakkoo maal
qaba falmii jedhu attamitti ilaalla?
6. Abbaan seeraa hojii abbaa seerummaa erga gadhiiseen booda yeroo abbaa seeraa
turetti dhaabbata tajaajila abbaa seerummaa kennaa ture keessatti qacaramuu hin
qabu. Yeroo murtaa’eef turuu qaba yaadni jedhu jiru. Yaada kana biyyoonni tokko
tokkos danbii naamusaa isaanii keessatti hammachiisanii qabu. Biyya keenyattis
dhorki akkasii osoo godhamee barbaachisaa dha jettuu?
7. Abukaattoon obbo “A” jedhaman qoosaa fi haasaa baay’isu. Yeroo tokko, dhufaatii
abbaa seeraa eegaa osoo haasa’anii obbo “A”n haadha mana abbaa seeraa nan beeka;
onne-qabeettii wayiiti; namas ni reebdi. Akkuma barame sababa kanaan turu danda’a
jechuun abukaattota biroo kofalchiise. Abukaattota turan keessaa muraasni waan
abukaattoon jedhe kana abbaa seeraatti himan. Yeroo sanaa kaasee abbaan seeraa sun
abukaattichi dhaddachatti yoo dhihaatu haala hin barbaachifneen yaada isaa addaan
kuta; ni suukaneessa. Waan ta’eefuu, dhimmi abukaattoo “A” abbaa seeraa kanatti
yoo qajeelfamu dhaddacha irraa akka ka’uuf gaaffii dhiheessa. Isin akka abbaa
seeraatti gaaffii dhihaateef murtii attamii laattu?
8. Abbaan seeraa dhimma diiggaa gaa’ilaa ji’a 6 dura ilaalee murtiin erga diigee booda
dhimmicha irratti iyyattuu kan turte fuudhe. Gochi kun naamusaan ala kan jechisiisu
dhaa?
9. Abbaan seeraa tokko abbaa seerummaan tajaajilaa osoo jiranii saa’atii hojiin alatti
nama dhuunfaa hiriyyaa poolisii ta’e wajjiin ta’uun akkaataa dhaabbanni tokko
qaamota biroo irratti himata banuu danda’u irratti gorsa ogummaa kennuuf
waliigaltee seenuun yeroo boqonnaa isaaniitti tajaajilicha kennuun kaffaltii fudhatu.
Sababa kanaan himatni naamusaa irratti banamee yoo falman: hojii abbaa
seerummaan walitti kan hin buunee fi seeraanis kan hin dhorkamne dha jechuun
falmaniiru. Falmiin gama himataan jiru garuu, abbaan seeraa gorsa kan kennan
saa’atii hojiin ala ta’us, dhimmichi bilchaatee gara himataatti yoo jijjiiramu ofii
isaanii ilaaluu waan danda’aniif hojii abbaa seerummaa isaaniin walitti bu’insi jira
kan jedhu dha. Falmiiwwan gama lachuun dhihaatan erga walmadaalchistanii booda
murtiin keessan kam ta’a? Falmiiwwan garee lamaaniin dhihaatan kana ta’us akka
waliigalaatti gocha abbaa seeraa kana attamitti ilaaltu?
83
10. Himatamaan tokko intala isaa yakka dirqisiisee gudeeduun himatame. Abbaan seeraa
dhimmicha ilaalan falmii dhagahanii murtii kan murteessan yoo ta’u, murticha
keessas kan armaan gadii ni jira: “Guyyaa duraa walqunnamtii saalaa yoon
raawwadhu gadameessi ishii maaliif hin dhukkubne? Gadameessa eegumsi cimaa
godhamaafii ture gochi kashalabbummaa fi sagaagalummaa dhukkuba hamaa irra
buusu ni raawwatti jedhee shakkee yoo tahee hoo? [Kan iyyatte] Na to’atee na
rakkisuu isaa irra mala itti barbaadee isa gara mana sirreessaatti ergee ofii koo immoo
bilisummaan deddeebi’a jettee itti yaaddee yoo tahe maaltu i beeka? Manni isheen
keessa jiraattu mana dhugaatii tokko wajjiin kan walqabate ta’uu miidhamtuunis
ofuma ishee mirkaneessiteetti....dubree waggaa 15 waan turteef dargaggoonni umrii
kana irra jiran waan hojjetan kan dhabsiisu ibidda bobaa jalatti baatanii kan balali’an
ta’uu beekamaa dha. Abbaan seeraa murticha yoo barreessan jechoonni itti
fayyadaman kan isaanii ta’uu deebii kennaniin ibsaniiru. Qabatamatti, adeemsa
baayoloojiwaa fi xiinsammuuwaa (biological & psychological) dhiirotaa fi dubartoota
umriin isaanii kudhoota (teens) keessa jiran ibsuuf jechoota fayyadaman ta’uus
ibsaniiru. Gumiin Bulchiinsa Abbootii seeraa jechoota abbaan seeraa murtii keessatti
fayyadame ilaalchisee,”jechoonnii fi yaadonni abbaan seeraa fayyadame miidhamtuu
dhuunfaa sana addatti akkasumas dubartoota akka waliigalaatti kan suukaneessuu fi
qolee kan buusisu dha. Miidhaa isaan irra gahes ifatti kan hin baafnee fi dhugaan
dhokatee akka hafu kan godhu dha. Dubartootni miidhaa fi dhiibbaa isaan irra gahu
fudhatanii gadi aantummaan akka jiraatan kan godhuuf of tuulummaa ol’aanaan kan
ibsame dha. Akkasumas, dubartootaa fi dargaggoota Itoophiyaa ilaalchisee
qajeeltoowwan walqixxummaa fi bilisummaa Heeraa fi sanadoota sadarkaa
addunyaatti biyyi keenya mallatteessite keessatti tumamanii argaman wajjiin walitti
kan bu’u dha. Har’a biyyi keenya eegumsa mirgoota dubartootaa fi daa’immaniif
xiyyeeffannoo ol’ aanaa kennitee yeroo jirtutti; dhiibbaa fi miidhaa dhaqqabu
hanbisuun mirgi walqixxummaa akka kabajamuuf yaalii taasifamu keessatti adda
durummaan hiriiruu kan qabu abbaa seeraa ta’ee osoo jiruu ol’aantummaa dhiiraa hin
barbaachifne bifa agarsiisuun;dubartoonni umrii dargaggummaa irra jiran miira
isaanii to’achuu kan hin dandeenyee fi dargaggeettii ta’uun tilmaama balleessummaa
kan kennisiisu gochuun;akkasumas,dubartoota bifa gadi xiqqeessuu fi salphisuun
84
dhiheessuun gaddisiisaa qofa osoo hin taane balaa of keessaa kan qabu ta’ee
argineerra. Waan ta’eefuu, abbichi seeraa, seeraa fi ragaa bu’uureffatee jechoota
fayyadamus of eeggannoon filatanii murtii kennuu osoo qabanii akkaataa olitti
ibsameen kaa’uun isaanii badii naamusaa cimaa ta’ee waan argameef gumiin
balleessaa qabu ittiin jedheera. Isin yaada abbaan seeraa murtii keessa kaa’ee fi
xiinxalaa fi murtii gumii bulchiinsa abbootii seeraan godhame kana attamitti ilaaltu?
11. Ati abbaa seeraa dha. Naannoo jiraattu keessaa, namni ollaa kee ta’e tokko
himatamee dhihaate. Ollaa kee sana wajjiin walitti dhiheenya cimaa ta’e hin qabdu.
Haa ta’u malee, akka ati dhaddacha irraa kaatuuf gareen biraa gaaffii dhiheesse.
Fudhatamummaan gaaffii dhihaate kanaa hangam?
12. Abbaan alangaa galmee qorannoo qoratu keessatti ragaawwan baayyee faayidaaa
qabanii fi barbaachisoo ta’an karaa seeraan alaa kan argaman ta’uu hubate. Kanneen
keessaa tokko, poolisiin hayyama sakatta’insaa osoo hin qabaatiin karaa seeraan
alaatiin mana keessa seenuun ragaa argame dha. Gochi seeraan alaa kun osoo hin
raawwanne ta’ee, ragichi hin argamu ture. Abbaan alangaa maal gochuutuu irraa
eegama?
13. Abbaan alangaa galmeen qorannoon isaa xumura argate dhufeef tokko ragaawwn
walitti qabaman osoo qoratuu gariin isaanii himatamaa kan gargaaran ta’uu arge.
Waan ta’eefuu, ragaawwan himatamaa gargaaran hambisee warreen himatamaa irratti
himata himachiisuuf gargaaran qofa filuun walitti qabee himata bana. Abbaan alangaa
ragaawwan himatamaa gargaaran himata keessatti dabalee dhiheessuu dhabuu isaatiin
namuusa ogummaa isaa hin kabajne jedhamaa?
14. Abbaan alangaa ragaan seeraan ala argame jiraachuu osoo beekuu ragicha fuudhee
mana murtiitti dhihaate. Gochi abbaa alangaa kun isa gaafachiisuu qabamoo hin
qabu?
2.3.3. Ejjennoo Cimaa Qabaachuu (Integrity)
2.3.3.1. Abbootii Seeraa fi Ejjennoo Cimaa Qabaachuu
Lammiileen manni murtii haqaa fi dhugaadhaan murteessa; haqa kenna jedhanii amantaa kan
qabaatan haqummaa abbaa seeraa irratti amantaa yoo qabaatanidha. Kana jechuunis, abbaan
seeraa hojii abbaa seerummaa isaatiinis ta’e jiireenya dhuunfaa isaa yoo gaggeessu walitti
85
dhufeenya hawaasummaa keessatti abbaa dhugaa, abbaa haqaa, amantaan irratti kan gatamuu fi
qajeeltoon kan gaggeeffamu ta’ee yoo argame dha.
Abbaan seeraa jireenya dhuunfaa isaa yommuu gaggeessutti kabajaa fi surraa argatuun manni
murtiis kan kabajamu ta’a. Karaa biraatiin, abbaan seeraa jireenya dhuunfaa isaatiin gocha
saalfachiisaa fi gadi bu’aa kan hojjetu yoo ta’e mana murtii keessattis gocha walfakkaata akka
hojjetutti timaamama. Kanaafuu, lammiileen mana murtii irratti amantaa fi kabaja akka
qabaaataniif abbootiin seeraa jireenya dhuunfaa isaanii kabajaa fi amantaa bifa horachiisuu
danda’uun gaggeessuu qabu.
Afaan Ingiliziitiin qajeeltoon naamusaa integrity jedhu kan agarsiisu amala abbaa seeraa kanaa
yoo ta’u, afaan Oromootiin ammoo gaaleen ejjennoo cimaa jedhu bakka bu’uu danda’a.
Ejjennoo cimaa qabaachuun attamitti ibsama?
Ejjennoo cimaa qabaachuun abbaan seeraa hojii abbaa seerummaa isaa yoo hojjetu qofa osoo hin
taane jireenya dhuunfaa isaa yoo gaggeessu hojii abbaa seerummaan alatti walitti dhufeenya
namoota biroo waliin godhu hunda keessatti kan kabajamee fi amantaan irratti kan gatamu ta’uu;
jechuunis, namummaa (personality) lama kan hin qabne ta’uu kan agarsiisu dha.
Waan ta’eefuu, abbaan seeraa abbaa dhugaa, abbaa haqaa, waliin dhahuu fi sobuu irraa kan
fagaatee fi amaloota nama gaarii qabaachuu qaba. Mana murtii keessattis ta’e mana murtiin alatti
seeraa fi danbii jiru kan eegu dha? Abbaa dhugaa fi abbaa haqaa tii? Qajeeltoo kan qabuu fi
isaanis kan gaggeeffamu dha? Gaaffiiwwan jedhaniif deebiin kennamu warreen birootiif ergaa
guddaa kan qabu dha. Ofii isaatiin seera kan hin kabajne yoo ta’e, booru warreen biroo seera yoo
cabsan ni kabachiisa jedhanii amanuuf nama rakkisa. Ofii isaatiin sobee waliin dhahaa yoo ta’e,
booru warreen waliin dhahan, warreen soban kan hin deggarre ta’uu hawaasa biratti amantaa
qabaachuu hin danda’u. Gabaabumatti abbaa seeraa gaarii ta’uu qofa osoo hin taane nama gaariis
ta’uu qaba jechuu dha.
Waantonni Amala Gaarummaa Nama Tokkoo Ibsan Maal fa’i?
Kana ilaalchisee deebiin kennamu hawaasa tokko irraa hawaasa biraatti adda addummaa
qabaachuu danda’a. Keessattuu, yeroo ammaa kana ammoo duudhaaleen hawaasaa adda addaa
walitti dhufuun inni tokko isa biraa liqimsuun fooyyaa haala itti adeemu irratti argamna. Waan
86
ta’eefuu,duudhaa hawaasaa isa kam fudhachuudhaan hojiirra akka oolchuti irraa eegama?
Abbaan seeraa dirqama duudhaalee hawaasaa hunda kabajuu fi hojiirra oolchuu qabaa? Mirgi
namooma dhuunfaa isaati hoo attamitti ilaalama? gaaffiin jedhan ka’uu hin oolu.
Ejjennoo cimaa qabaachuun kan madaalamu yaada amantaa ykn qajeeltoo sirrii ykn dogoggora
ta’e tokko wajjiin walitti bu’uu ykn walsimuu isaan miti. Yookiin hawaasa baayyeetiin waanta
fudhatama argate tokko hojjechuu ykn hojjechuu dhiisuu miti. Haa ta’u malee, gochi abbaan
seeraa godhe abbaan seeraa teessoo abbaa seerummaarra taa’ee tajaajila abbaa seerummaa haqa
qabeessa, bilisaa fi seera kabaje kennuu hin danda’u kan jechisiisu dhamoo miti kallattii jedhuun
ilaalamuu qaba. Abbaan seeraa ebelu jedhamu haqaa fi dhugaa irratti hundaa’ee hojjeta kan
jedhamu ta’uu qaba.
Gama kanaan ogbarruuwwan naamusa abbaa seerummaa irratti barreeffaman abbootiin seeraa
gocha tokko yoo raawwatan mirga namooma isaanii fi kabaja mana murtiif qaban
walmadaalchisuun murteessuu akka danda’an ulaagaalee armaan gadii fayyadamuu akka qaban
ni gorfamu.
Waanti abbaan seeraa raawwachuuf qophaa’e sun seeraan kan hin dhorkamne ta’uu;
Waanti abbaan seeraa raawwate ykn raawwachuuf qophaa’e akka mirga dhuunfaatti
seeraan kan eegame ta’uu;
Abbaan seeraa gocha tokko yoo raawwatu bu’aa fi miidhaa gochichi hordofsiisuu
danda’u ilaalchisee of eeggannoo barbaachisaa gochuu (mirga isaa qofa osoo hin taane
mirga isaa hojiirra yoo oolchu akka ta’uu qabuu fi dhama qabeessaan ta’uu)
Gocha abbaa seeraatiin namoonni biroo kan miidhaman ta’uu ykn ilaalcha namoota
birootiin akka miidhaatti kan ilaalamu ta’uu;
Gochichi hawaasaaf kabaja kan kennu ykn kan hin kennine ta’uu
Amalli abbaa seeraa dhiibbaan ilaalcha waldarbaan kan hin oofamne ta’uu fi dhiisuu
Ulaagaaleen kunniin sadarkaa ejjennoo cimaa qabaachuu abbaa seeraa hawaasni eeguu fi
akkuma nama kaanii mirga namooma dhuunfaa abbaa seeraa walmadaalchisuuf gargaaruu kan
danda’ani dha.
87
Danbii naamusa abbootii seeraa federaalaa kwt.10 mata duree obsaan dhaggeeffachuu fi dubbii
fixachiisuu jedhu jalatti akka agarsiifametti abbaan seeraa abukaattotaa fi gareewwan walfalman
hunda obsaan dhaggeeffachuu fi dhimmichaaf falmii rogummaa qabu ficcisiisuu qaba.
Eenyummaa dhuunfaa, mirgootaa,fi kabaja abbootii dhimmaa eeguu qaba jedha. Haaluma
walfakkaatuun danbii naamusa abbootii seeraa naannoo Amaaraa keewwati 16 tajaajiltummaa
uummataa mata-duree jedhu jalatti “abbootiin seeraa abbootii dhimmaa kabajaa fi gara laafinaan
simachuu, obsaan dhaggeeffachuu, iyyattootaa fi gaaffiiwwan biroo dhiheessaniif ajaja ykn
murtii barbaachisaa ta’e yeroon kennuu qabu” jedha.
Abbaan seeraa dunna(dheekkamsa) isaa agarsiisuu hin qabu. Haasaan abukaattoo ykn gareen
falmu kan aarsu yoo ta’ellee of eeggannoo guddaa gochuu qaba. Waan ta’eefuu, sirna mana
murtiis eegsisuu kan qabu bifa haaloo bahuutiin osoo hin taane haala sadarkaa isaa eeggatee fi
kabachiisuun ta’uu qaba.
Abbaan seeraa ammas ammas sababa gahaa malee abukaattoo dhaabsisuun barbaachisaa miti.
Suukaneessuu fi gadi buusuunis barbaachisaa miti. Kana jechuun garuu abukaattoo ykn garee
sirna mana murtii cabsu ykn arrabsu ykn qoosu irratti tarkaanfii fudhachuu hin qabu jechuu miti.
Abbaan seeraa dhaddacha irratti qoosuu fi akka barbaade ta’uu irraa of eeguu qaba.
Murtii inni murteesse irratti ol’iyyanni kan gaafatamu yoo ta’e, mana murtii ol’iyyanni itti
dhagahamu irratti dhiibbaa gochuu irraa of qusachuu fi sirna mana murtii kan kabachiisu ta’uu
qaba.
Abbaan seeraa murtii yoo kennu waan afaaniin dhaddacha irratti dubbatee fi barreeffamaan ibsu
kan walfakkaatan ta’uu isaanii of eeggannoo gochuu qaba. Abbaan seeraa yeroo tokko tokko
seerota bu’uuraa kabaja namummaa fi mirga namoomaan walitti bu’an irratti hundaa’uun
murteessuun muddama keessa galuu danda’a. Haalli akkasii yeroo isa mudate,itti
gaafatamummaa abbaa seerummaa qabu duubatti dhiisuun amanamummaa haqaa fi namummaaf
qabu agarsiisuu qaba. Sababni isaa,abbootiin seeraa gara itti gaafatamummaa kanatti yeroo
dhufan “haqaa fi dhugaaf” ni dhaabanna jedhanii kakataniiti.
Abbaan seeraa tokko abbaan seeraa biroo wajjiin hojjetu gocha naamusaan ala ta’e raawwachuu
osoo arguu maaltu na galche jedhee dhiisuu hin qabu. Abbaan seeraa haqaa fi dhugaaf dhaabbatu
namoonni biroo natti mufatu, na jibbu kan jedhu ta’uu hin qabu. Kabajamummaa fi
88
jaallatamummaan namoota biroo biratti argachuu qabu haqaaf dhaabbachuu isaatiin malee amala
badaa namoota biroo dhoksuu isaatiin ykn argee akka isa hin agarreetti darbuu isaatiin ta’uu hin
qabu. Gama kanaan, abbaan seeraa gocha naamusa badaa ta’e hiriyyaa isaa irratti arge tokko
gorsa kennuufii ykn akkaataa cimina dhimmichaatti qaama ilaallatutti badii sana beeksisuu qaba.
Waan ta’eefuu, abbaan seeraa:
Abbaa seeraa gaarii qofa osoo hin taane nama gaarii yoo ta’e;
Seera cabsuu irraa,waliin dhahuu irraa,sobuu irraa kan fagaate yoo ta’e;
Mirga namoomaa gareewwan walfalmanii bifa kabachiisuun obsaa fi haala sadarkaa isaa
eeggateen dhaddacha kan gaggeessu yoo ta’e;
Jechi inni dubbatuu fi gochi inni raawwatuu walitti kan hin buune yoo ta’e;
Seerota mirgoota bu’uuraa namoomaa wajjiin walitti bu’an hojiirra oolchuu irraa kan of
qusatu yoo ta’e;
Hiriyyaan isaa gocha naamusa badaa osoo raawwatuu argee akka isa hin argineetti bira
kan hin dabarre yoo ta’e ejjennoo cimaa qaba jechuun ni danda’ama.
2.3.3.2. Ejjennoo Cimaa Qabaachuu Abbaa Alangaa (Integrity)
Ejjennoo cimaa qabaachuun akkuma abbaa seeraa irraa eegamu mara abbaa alangaa irraas ni
eegama. Abbaan alangaa namoota mirgootaa fi bilisummaawwan namoomaa cabsan murtiitti kan
dhiheessu ta’uu isaatiin innis ofiisaatiin gochaawwan mirgootaa fi bilisummaawwan namoomaa
kabajan hojjechuun fakkeenya ta’ee argamuu qaba.
Danbiin bulchiinsa abbootii alangaa federaalaa keewwati 62 waa’ee tokko tokkoo amala abbaa
alangaa akka armaan gadiitti tumee argina:
1. Abbaan alangaa kamiyyuu kabajaa fi amantaa uummataa argachuuf bakka hojiittis ta’e
bakka hojiin alatti yeroo kamittuu amalaa fi naamusa gaarii qabaachuu qaba.
2. Kabaja ogummaa isaa eegsisuuf yeroo kamitti iyyuu waan barbaachisu hunda guutee
argamuu qaba.
Kewwata 64 Abbaan Alangaa Quunnamtii hawaasa waliin qabu
1. Abbaan Alangaa hojiin inni raawwatu hundinuu faayidaa hawaasa waliigalaa kan ilaallatu
ta’uu yeroo kamiin iyyuu dagachuu hinqabu.
89
2.Abbaan Alangaa mirga namoomaa fi kabaja namootaa tuquu hinqabu.
Jireenyi dhuunfaa abbaa alangaa amanamummaa mana hojii abbaa alangaa gaaffii keessa kan
galchu akka hin taaneef of eeggachuu qaba. Manni hojii kabaja, deeggersaa fi amantaa
barbaachisu kan argatu jireenya dhuunfaa isaa keessatti amala abbaan alangaa agarsiisuunidha.
Waan ta’eefuu, abbaan alangaa seera kabachiisaadha jedhamee amantaan irratti akka gatamu yoo
barbaadame hunda dura ofiisaatiin seera kan kabaju ta’uu qaba. Jireenya dhuunfaasaa keessatti
waliin dhahuu, sobuu fi kkf irraa of qusachuu qaba.
Mirgoota namoomaa Heera mootummaa fi sanadootaa fi waliigalteewwan addunyaa keessatti
agarsiifaman kabajuu irratti ejjennoo cimaa qabaachuun fakkeenya ta’ee argamuu qaba.
Abbaan alangaa falmii qabate tokko irratti yoo injifatame ol’iyyataan ykn itti aanee sirna seeraa
jiruun jijjiirsisuu yaaluun alatti murtii mana murtiin kenname akkaataa hin barbaadamneen
qeequu irraa of qusachuu qaba.
Abbaan alangaa dhimma murtii dhumaa hin arganne tokko ilaalchisee ibsa kennuun ykn
barreeffama maxxansuun mana murtii salphisuu irraa of qusachuu qaba.
Abbaan alangaa tokko gocha naamusaan ala ta’e osoo abbaan alangaan biroo hojjetuu yoo arge
akka isa hin agarreetti callisee bira darbuu hin qabu. Namoonni seera akka cabsan gorsuu ykn
seera cabsuu isaanii osoo arguu callisuu hinqabu.
Yaada murtii adabbii gaafatamu irratti abukaattoon ittisaa odeeffannoo sirrii hin taane kennuun
adabbiin akka salphatu yoo gaafatu, yaadichi fudhatamumma akka hin arganneef mormuu qaba.
Haa ta’u malee, hojiin abbaan alangaa hojjetu akkuma waliigalaattuu mirga kan hin qabne ta’ee
ilaalamuu hin qabu. Waan ta’eefuu, gochawwan abbaan alangaa raawwatu tokko duuchumaan
mormuun dura:
Gochi abbaan alangaa raawwate ykn raawwachuuf qophaa’e sun akka mirgaatti nama
dhuunfaa tokkoof kan eegame ta’uu;
Abbaan alangaa gochicha yoo raawwatu of eeggannoo barbaachisaa kan godhe ta’uu;
Gocha abbaa alangaa sanaan namoonni biroo kan miidhaman ta’uu;ykn gochi sun
ilaalcha namoota birootiin akka miidhaatti kan ilaalamu ta’uu;
90
Gochichi uummataaf kabaja kan kennu ykn kan hin kennine ta’uu;
Amalli abbaa alangaa sun ilaalcha waldarbaatiin kan hin gaggeeffamne ta’uun ejjennoo
cimaa qabaachuu fi dhiisuu abbaa alangaa madaaluuf ulaagaalee gargaaranidha.
Abbaan alangaa ulaagaalee kanniin bu’uureffachuun dhimmoota yeroo tokko tokko falmisiisoo
ta’uun akka filannootti dhihaatan irratti murteessuu qaba.
Waan ta’eefuu, abbaan alangaa:
Mana murtiittis ta’e mana murtiin alatti hojiisaa yoo hojjetuu, jireenya dhuunfaa fi
hawaasummaasaa yoo gaggeessu dhugummaa fi iftoomina kan qabu yoo ta’e;
Waan itti amanuu fi waan hojjetu jidduu garaagarummaan kan hin jirre yoo ta’e
(Qajeeltoon kan gaggeeffamu yoo ta’e);
Mirgoota namoomaa kabajuu fi kabachiisuu irratti cimee kan dhaabbatu yoo ta’e;
Murtii manni murtii kennu adeemsa seeran alaan jijjiiruuf ykn jijjiirsisuuf kan hin yaalle
yoo ta’e;
Gocha badaa abbaan alangaa biraa hojjetu argee akka isa hin agarreetti kan hin dabarre
yoo ta’e;
Namoonni biroo seera akka cabsan kan hin gorsineef cabsanii yoo argamanis akka isa hin
agarretti kan hin dabarre yoo ta’e ejjennoo cimaa qaba jechuun ni danda’ama.
Ejjennoo Cimaa Qabaachuu (Integrity) Ilaalchisee
Gaaffiilee Marii
1. “Abbaan seeraa ykn abbaan alangaa hojiisaa hanga hojjetetti jireenya dhuunfaa isaa
attamitti akka gaggeeffatu yaachisuu hin qabu; qaama naamusa ogummaa ta’ees
ilaalamuu hin qabu” ejjennoon jedhu jira. Ejjennoo kana deeggeruuis ta’e mormuun
sababoota dhihaatan kaasuun akka waliigalaatti abbaa seeraas ta’e abbaan alangaa maal
gochuu akka qabu irratti marihadhaa.
2. Abbaa seerummaa dhimma ilaalaa jirtuu tokko ilaalchisee abbaan seeraa ati mana murtii
biraatti beektu dhufee “dhimma kana of eeggannoon osoo ilaaltee; adaraa himatamaa hin
91
miidhiin” yoo siin jedhe maal goota? Gochi kun irra deddeebiin yoo raawwate
garaagarummaa fidaa?
3. Abbaan seeraa mana nyaataa seenee nyaata ajajatee erga nyaatee booda, “kaffalameera”
jedhame. Abbaan seeraa sun maal gochuu qaba?
2.3.4. Fayyaalummaa (Propriety)
2.3.4.1. Abbaa Seerummaa fi Fayyaalummaa
Abbaan seeraa walitti dhufeenya hawaasummaatiin, dhaddacha irrattis ta’e dhaddachaan ala
sochiiwwan inni godhu hojiisaa bilisummaan, loogiirraa bilisa bifa ta’ee fi haqummaan:
Akka hin hojjenneef dhiibbaa kan godhu irraa ykn
Warreen kana kabajuun hin hojjetu shakkiiwwan jechisiisuu danda’an hawaasa
keessatti akka hin kaaneef of eeggachuu qaba.
Akkasumas,aangoo isaa seeraan ala faayidaa dhuunfaasaaf,ykn firoottansaaf oolchuurraa of
qusachuu qaba.
Qajeeltoon naamusaa fayyaalummaa jedhu abbaan seeraa hojiisaa bilisummaan, alloogummaa, fi
haqummaan akka hin hojjenne gochawwan godhan ykn ammoo warreen kana kabajee hin hojjetu
shakkiiwwan jechisiisuu danda’an irraa of eeguu kan qabu ta’uu kan agarsiisu dha.
The test for impropriety is whether the conduct compromises the ability of of the judge to carry
out judicial responsibilities with integrity,impartiality,independence and competence,or is likely
to create,in the mind of a responsible observer,a perception that the judge’s ability to carry out
judicial responsibilities in that manner is impaired (Commentary on the Banglore Code of
Conduct no 112).
Walitti dhufeenyi abbootiin seeraa abukaattota falmii gaggeessan wajjiin qaban sadarkaa isaa
kan eegee fi daangaas kan qabu ta’uu qaba. Abbaan seeraa deddeebi’ee konkolaataa
abukaattotaatti kan fayyadamu yoo ta’e dhiibbaa hin malleef saaxilamuu danda’a. Namootni
biroo dhaabbatanii ilaalanis abbaan seeraa sun alloogummaan murteessa jedhanii fudhachuuf ni
rakkatu.
92
Abbaan seeraa dhimma qabatee jiru irratti dhaddachaan ala abukaattota dhimmicha qabatan
wajjiin gonkumaa mari’achuu hin qabu.
Abbaan seeraa konkolaataa uummataa kan fayyadamu yoo ta’e hanga danda’ametti abbaa
dhimmaa bira taa’ee deemuurraa of yoo qusachuu yaale filatamaa dha. Kana hin godhu taanaan
haasaa keessa dhiibbaa hin malleef saaxilama. Yoo argames garee biraa keessatti ilaalchi hin
barbaachifne akka uumamuuf sababa ta’ a.
Abbaan seeraa abukaattota isa biraa dhimma qaban ykn qabaachuu danda’an irraa kennaa guddaa
ykn affeerraa baasii guddaa qabufudhachuu irraa of eeggachuu qaba.
Abbaan seeraa mana jireenyasaa ykn bilbilasaa abukaattonni abbootii dhimmaa ta’an akka
fudhatan ykn akka ittiin keessummaa’an hayyamuufiirraa of qusachuu qaba.
Abbootiin seeraa marii uummataa irratti yeroo hirmaatan hirmaannaan godhan alloogummaa
isaanii irratti dhiibbaa yaraa akka hin uumne of eeggannoo barbaachisaa gochuu qabu. Sababni
isaa, hawaasni abbaan seeraa ilaalcha sirrii hin taane, fi loogii irraa bilisa ta’uun hundayyuu
walqixxeessee ilaala jedhamee waan tilmaamamuuf, gochi akkasii tilmaama kana balaarra akka
hin buufneef of eeggachuu barbaachisa.
Kana bira darbees abbootiin seeraa waltajjiiwwan uummataa falmisiisoo ta’an irratti falmuu fi
yaada kennuurraa yoo of qusatan filatamaa dha. Fakkeenyaaf, yaada mootummaa mormuu fi
qeequ yoo dhiheessan falmii mootummaan garee itti ta’e irratti loogii malee murteessuu danda’u
shakkii jedhu uumuu danda’a. Haa ta’u malee, seera fooyyeessuuf marii godhamu keessatti yoo
hirmaatan rakkoo hin qabu.
Dhimmoota bulchiinsa haqaa ilaallatan jechuunis hojimaata mana murtii, bilisummaa mana
murtii(mindaa,ykn faayidaaleen walqabatee kkf),dhimmichi murtii siyaasawaa kan gaafatu ta’us,
dhimmicha irratti yaada kennuu irraa garuu of qusachuu hin qabu.
Gaaffiiwwan kallattii hamileen walqabatanii ka’an tokko tokko irratti fakkeenyaaf eegumsa
naannoo deeggaruuf, namoota beelaan rakkatan gargaaruuf walgahiiwwan godhaman,
hiriirawwan nagaa irratti argamuun yaada ibsuun rakkoo hin qabu. Dhimmoota kanniin irratti
yaada kennuu dhiisuurra falmii ta’anii yoo dhihaataniif ilaaluu dhiisuuti filatama.
93
Abbaan seeraa miseensa dhaabbilee sanyii, saala, amantaa, lammummaa fi kanneen biroo irratti
hundaa’uun haala mirgoota bu’uuraa faallaa ta’een hojjetan irraa fagaachuu qaba.
Abbootiin seeraa gara kilabootaa, manneen dhugaatii, manneen taphaa deemuu danda’u. Haa
ta’u malee, bakkichi maqaa attamii qaba? Gochaawwan seeraan alaa ta’an bakka itti
raawwatanidhaa? Bakkichatti namoonni baay’inaan fayyadaman eenyu fa’i? Asitti argamuu
kootiin maaliifan saaxilama? Namni biraa asitti yoo na arge waa’ee mana murtii maal hubachuu
danda’a? gaaffilee jedhan of eeggannoon kaasuun argamuu ykn argamuu dhiisuu murteessuu
danda’u qabu. Danbii naamusa abbootii seeraa federaalaa keewwata 28 Hojii Abbaa
Seerummaa Dantaa Dhuunfaa Waliin Walitti Buusuu Dhiisuu mata-duree jedhu jalatti
abbaan seeraa kabaja hojii abbaa seerummaasaa wajjiin walitti bu’u hojjechuu hin qabu jechuun
tuma.
Walumaagalatti, hojii abbaa seerummaan alatti hojiin abbaan seeraa hojjetu karaa tokkoonis ta’e
karaa biraatiin bilisummaa fi alloogummaa isaa gaaffii keessa kan galchu akka hin taane
;akkasumas, hawaasa biratti loogummaa kan qabu ykn bilisa miti kan jechisiisu ilaalcha jedhu
akka hin uumneef gochaa fi hojii isaatiin of eeggachuu qaba.
Akkas jechuun garuu abbaan seeraa hawaasa irraa adda bahee haa jiraatu jechuu miti. Karaa
tokkoonis ta’e karaa biraatiin hojii abbaan seeraa hojjetu ilaalchisee qeequmsi irratti ka’uu mala.
Yeroo kana, abbaan seeraa madaallii keessa galchuu kan qabu, namni dhama- qabeessa ta’e
tokko maal tilmaamuu danda’a kan jedhu dha malee namni dhama- qabeessa hin taane tokko
maal tilmaama kan jedhu miti.
Gama biraatiin abbaan seeraa aangoo isaa faayidaa dhuunfaasaaf akkasumas jaalleewwan
dhihoosaaf oolchuu hin qabu. Abbaan seeraa kana godha shakkii jechisiisuu danda’u irraas of
fageessuu qaba.
Danbii naamusa abbootii seeraa federaalaa keewwata 27 aangoo ofii faayidaa dhuunfaaf oolchuu
dhiisuu mata-duree jedhu jalatti abbaan seeraa faayidaa hin malle argachuuf ykn argamsiisuuf
aangoo fi kabaja isaa meeshaa godhachuu hin qabu jechuun tuma. Danbiin naamusa abbootii
alangaa naannoo Amaaraa keewwati 13(1) abbootiin seeraa aangoo isaanii akka malee bal’isanii
fayyadamuus ta’e kabajaa fi maqaa gaarii dhuunfaa isaaniif oolchuu hin qaban jedha.
94
Akkasumas, keewwata-xiqqaa 4 jalatti abbootiin seeraa hojii abbaa seerummaa isaanii faayidaa
dhuunfaa argachuuf oolchuu hin qaban jedha. Fakkeenyaaf,
Seera tiraafikaa cabsee aangoo abbaa seerummaa fayyadamuu hin qabu
Abbaan seeraa daldala dhuunfaa isaa yommuu gaggeessutti xalayaa mana murtii
fayyadamuun ergaawwan wal jijjiiruu hin qabu.
Tajaajila barbaacha bakka ta’e yoo deeme adeemsaalee birokiraasii jalaa dafee bahuuf
jecha abbaa seeraa ta’uu ibsuun haala addaan akka keessummaa’u gaafachuu hin qabu.
Kana jechuun garuu, abbaa seeraa ta’uu isaa haa dhoksu jechuu miti. Barbaachisaa ta’ee
yeroo argametti kana ibsuun barbaachisaa ta’a. Ta’us garuu, aangoo isaa faayidaa
dhuunfaa isaatiif oolchuu hin qabu.
Ofiisaa, mucaan isaa, haati manaa isaa, ykn firri dhihoo isaa yoo hidhame abbaa
seerummaa isaa fayyadamuun namoonni kunniin namoota biroo irraa haala adda ta’een
keessummaa’uun akka hiikaman ykn dhimmi isaanii xiyyeeffannoo addaan akka
ilaalamuuf dhiibbaa uumuu hin qabu.
Hojjettoota mana murtii akka hojjettoota dhuunfaa isaatti ilaaluun itti fayyadamuu irraas
fagaachuu qaba.
Abbaan seeraa tokko gaazzexaa maxxansaa bu’aaf hojjetu irratti barreeffama yoo
gumaache, gaazzexichi maqaa abbaa seeraa sana gabaa babal’isuuf akka itti hin
fayyadamne of eeggachuu qaba. Kana ta’uu baannaan abbichi seeraa abbaa seerummaa
isaa galii dhuunfaa argachiisuuf akka oole godhe jechuu dha. Kanaafuu, yoo danda’ame
maqaa kobbee ykn ammoo abbaa seerummaa bifa ibsuu hin dandeenyeen fayyadamuuti
filatama.
Abbaan seeraa tokko raadiyoo ykn televezyiinii daldalaa irratti beeksisa hojjechuuf ykn
dhaabbata tokko beeksisuuf dhihaachuu hin qabu. Sababni isaa, kabaja abbaa seerummaa
isaatiin faayidaan hin malle argamuu danda’a waan ta’eefi.
Abbootiin seeraa iccitii sababa hojiitiin beekan hojii abbaa seerummaaf barbaachisaa yoo
ta’een alatti haala biroo kamiiniyyuu fayyadamuu hin danda’an. Danbii naamusa
abbootii seeraa federaalaa keewwati 23 abbootiin seeraa iccitummaa dhimmoota murtii
hin argannee eeguu akka qaban tumameera. Danbiin naamusa abbootii seeraa Naannoo
Amaaraas keewwata 8(1) jalatti, abbootiin seeraa yeroo fi bakka kamittuu icitummaa
95
dhimmoota murtiin xumuraa hin argatiin eeguu akka qaban tuma. Haa ta’u malee, yeroo
adda addaatti mana murtiitti murtiin osoo hin dubbifamiin gareewwan beekanii affeerraa
kan itti affeeran, haala himatamtoonni itti badan akka jiru ni dhagahama. Haa ta’u malee,
fayyummaa fi nageenyaan walqabatee odeeffannoon jiru maatii abbaa seeraa irratti,
hojjettoota mana murtii irratti, akka waliigalaatti ammoo hawaasa irratti miidhaan akka
hin dhaqqabne tarkaanfii fudhachuu irraa waanti dhorku hin jiraatu. Fakkeenyaaf,
dhimma dawaa miidhaa dhaqqabsiisu kan ilaallatu yoo ta’e maqaa icitii eeguutiin
namoonni akka miidhaman cal jechuun miidhaa caalu kan fidu dha.
Danbii naamusa abbootii seeraa federaalaa keewwata 25 matta’aa fudhachuu dhiisuu
kan jedhu jalatti abbaan seeraa dhimma seerummaaf dhihaate ykn dhihaatu ykn
dhihaatee dhimma murtaa’e irratti matta’aa kennaa, ykn faayidaa biroo karaa kallattiinis
ta’e alkallattii ta’een abbaa dhimmaa, ykn nama biraa kamiraayyuu fudhachuu hin qabu
jedha. Haaluma walfakkaatuun keewwata 26 jalattis mata-duree Ammaalaajii Malee
Hojjechuu jedhu jalatti abbaan seeraa ammaalaajiin hojjechuu ykn ammaalaajii ta’ee
dhihaachuu hin qabu jedhee tumamee jira. Waan ta’eefuu, hanga danda’ametti kennaa
gosa kamiyyuu fudhachuu irraa of qusachuu qaba. Seera yakkaa keewwata 417 jalatti
kennaa ilaalchisee kan armaan gadii tumamee argama. Hojjetaan mootummaa kamiyyuu
sababa barbaachisaa osoo hin qabaatiin kaffaltii malee ykn kaffaltii gahaa malee waan
gatii qabu tokko kan fudhate yoo ta’e hidhaa salphaa waggaa shan hin caalleen adabama.
Akkaataa aadaa ykn barsiifata naannootiin mallattoo jaalalaa agarsiisuuf kennaan gatii
malee fira dhiigaan ykn fuudhaan ykn jaalallee dhihoon kennamu garuu kana keessatti
kan hammatamu miti.
Dabalataanis, kanneen armaan gadii fudhatamummaa qabaachuu danda’u:1)
sartifikeetii,kaardii meedaaliyaa,kennaawwan xixiqqaa hiriyyootarraa, firoottanirraa,
waldaaleerraa kennamuu, liqiiwwanii fi kkf 2) Iskoolaarshiippii hundaaf banaa ta’e 3)
taphawwan adda addaa injifachuun baadhaasa argamu;warreen biroofis banaa kan ta’e 4)
joornaalota,barruuwwanii fi kkf.
Aangoo abbaa seeraa sana da’oo godhachuun miseensota maatiisaa faayidaa argachuuf yaalanis
sirriitti hordofuun dhowwuu qaba. Namni kamiyyuu sababa walitti dhufeenya abbaa seeraa
wajjiin qabuun dhiibbaa hin malle uumuu akkuma danda’u miseensonni maatii kunninis warreen
96
birootti dhihaatanii akka hin dogoggorsinef yeroo hunda dammaqee eeguu qaba. Yeroo tokko
tokko gareewwan walfalmanitti kana beeksisuun barbaachisaa ta’uu danda’a.
Waan ta’eefuu, abbaan seeraa:
Hojiiwwanii fi sochiiwwan hojii abbaa seerummaa sirriitti akka hin bahanne dhiibbaa
godhan irraa kan of eeguu fi of daangessuu yoo ta’e;
Waltajjiiwwan marii uummataa irratti yaadi inni kennu alloogummaa isaa gaaffii keessa
akka hin galchine kan of eeggatu yoo ta’e;
Bakkeewwan bashannanaa deemutti kabaja mana murtii akka hin tuqsiifneef kan
madaaluu fi kan filatu yoo ta’e;
Aangoo abbaa seerummaasaa faayidaa dhuunfaasaaf,ykn firootasaaf ykn
jaalalleewwansaaf kan hin oolchinee fi ni oolcha shakkiin jedhu akka hin uumamne kan
of eegu yoo ta’e;
Abbaa seeraa ta’uu isaa beeksisuun haala adda ta’een akka keessummaa’u kan hin goone
yoo ta’e;
Maqaa isaatiin namoonni biroo itti dhihaatan akka hin fayyadamneef yaalii barbaachisaa
kan godhu yoo ta’e;
Haaluma walfakkaatuun hojjetootni mana murtii aangoo isaanii faayidaa dhuunfaa
isaaniif akka hin oolchine kan ittisu yoo ta’e;
Iccitii sababa hojiitiin argate kan eegu yoo ta’e;
Sababa gahaa malee kennaa fi kennaa kan fakkaatan fudhachuu irraa kan of qusatu yoo
ta’e;
Sirna dhaddachaa kabachiisuu keessatti aangoo gar-malee kan hin fayyadamne yoo ta’e
qajeeltoo fayyaalummaa hojiirra oolchuu kan dandeessisu qaba jenna.
2.3.4.2. Fayyaalummaa Abbaa Alangaa Irraa Eegamu
Abbootiin alangaa akkuma abbootii seeraa gochawwan hojii isaanii alloogummaan,
bilisummaa,fi haqummaan hin hojjenne godhan irraa of eeguu qabu.
97
Itti dabalees, abbootiin alangaa aangoo isaanii faayidaa dhuunfaa isaaniif ykn qaamota biroof
oolchuu irraa of eeguu qabu.
Kana biratti, shakkii dhama qabeessa abbaan alangaa aangoo isaa faayidaa dhuunfaa isaatiif ykn
namoota jaallatuuf ni oolcha jedhu uumuu danda’an irraa of eeguu qaba.
Walitti dhufeenyi abbootiin alangaa abukaattota dhaddacha irratti falmii qaban wajjiin godhu
sadarkaa isaa kan eeggatee fi daangaa qabaachuu qaba.
Abbaan alangaa abukaattota mana murtiitti falmii qaban irraa kennaa jabaa ta’e fudhachuu ykn
affeerraa baasii cimaa qabu affeeramuu irraa of qusachuu qaba.
Abbaan alangaa miseensummaa dhaabbilee sanyii, saala, amantaa, eenyummaa biyyaa fi
kanneen biroo irratti hundaa’uun haala mirgoota bu’uuraan faallaa ta’een hojjetu irraa fagaachuu
qaba.
Akkuma abbaa seeraa:
Danbii tiraafikii cabsee aangoo abbaa alangummaa isaatti fayyadamuun bilisa bahuuf
gaaffii dhiheessuu hin qabu
Abbaan alangaa daldala dhuunfaa isaa yommuu gaggeessutti xalayaa mana hojii
fayyadamuun ergaawwan wal jijjiiruu hin qabu.
Tajaajila barbaacha bakka ta’e yoo deeme adeemsaalee birokiraasii jalaa dafee bahuuf
jecha abbaa alangaa ta’uu ibsuun haala addaan akka keessummaa’u gaafachuu hin
qabu.
Ofiisaa, mucaan isaa, haati manaa isaa, ykn firri dhihoo isaa yoo hidhame abbaa
alangummaa isaa fayyadamuun namoonni kunniin namoota biroo irraa haala adda
ta’een keessummaa’uun akka hiikaman ykn dhimmi isaanii xiyyeeffannoo addaan akka
ilaalamuuf dhiibbaa uumuu hin qabu.
Aangoo abbaa alangummaa isaa hiriyyaasaa fayyaduuf ykn diina isaa miidhuuf kan
fayyadamu ta’uu hin qabu.
Abbootiin alangaa iccitii sababa hojiitiin beekan hojii abbaa alangummaaf barbaachisaa
yoo ta’een alatti haala biroo kamiiniyyuu fayyadamuu hin danda’an.
98
Abbootiin alangaa dhaddachaan alatti bakka gareen biraa hin jirretti abbootii seeraa
dubbisuuf yaaluurraa,ammaalaajummaan hojjechuurraa of qusachuu qabu.
Abbaan alangaa abbootiin seeraa miiraan, sodaan, ykn ilaalcha waldarbaan akka
murteessaniif dhiibbaa uumuu irraa of qusachuu qaba.
Danbii ittiin bulmaataa abbaa alangaa keewwata 65 Icitii Eeguu kan jedhu jalatti:
Abbaan alangaa kamiyyuu
1. Uummata biratti odeeffannoo beekamu yoo ta’een alatti ykn hojii idilee isaa karaa
seera qabeessa ta’een raawwachuuf kan barbaachisu yoo ta’e malee odeeffannoo
sababa hojiitiin argate nama kamiifuu ifa gochuu hin qabu
Hoogganaa aangoo qabuun yoo ajajame malee hojimaata keessatti
odeeffannoowwan iccitii ta’an kan akka qaboo yaa’ii, karoora hojii fi kkf hunda
dhimmicha akka beekuuf nama hayyamameefiin ala nama biraa kamiifuu ibsamuu
hin qabu.
Abbootiin alangaa galmee qorannoo yoo cufan sababa itti cufan ibsuun mirga
himatamaa ykn ragootaa ykn amanamummaa irratti rakkoo kan uumu yoo ta’e
sababa isaa iccitiin qabuun irra jiraata.
Abbootiin alangaa namooti yakkaan miidhaman murtii murtaa’u akka beekan gochuu
qabu
Miseensonni maatiisaa ykn hojjettoonni mana hojiisaa maqaa isaatiin kennaa ykn liqii
akka hin fudhanne of eeggachuu qaba.
Kana ilaalchisee danbii ittiin bulmaata abbootii alangaa federaalaa keessatti tumaawwan armaan
gadii arganna.
Keewwata 66 Waa’ee Qarshii Liqeeffachuu
1. Deddeebi’anii qarshii liqeeffachuun dhorkaa dha.
2. Abbaan alangaa nama sababa hojiin walbeeke kamiraayyuu qarshii liqeeffachuun ykn
liqeeffachuuf yaaluun gonkumaa dhorkaa dha.
99
Keewwata 67 Waa’ee Kennaawwanii
Abbaan alangaa kamiyyuu hojiisaatiin walqabsiisee tajaajila kenneef ykn gara fuulduraatti
kennuuf nama kamiraayyuu kennaa gosa kamiyyuu fudhachuu ykn gatii gaafachuu hin qabu.
Abbootiin alangaa:
Ragaaleen jecha sobaa akka kennan amansiisuu fi sodaachisuu irraa of qusachuu
Nama mana murtiitti dhihaatee ragummaa kennuu qabu akka hin dhihaanneef yaalii
gochuu dhiisuu
Gareen biraa ragaa akka hin arganneef danqaa kamiyyuu uumuu ykn namoonni biroo
gocha kana fakkaatu akka raawwatan yaaluu ykn gargaaruu
Ragummaa akka kennaniif namoota hin dirqisiifamne kan ilaallatu yoo ta’e malee
namni biraa kamiyyuu garee biraaf jecha ragaa ykn ragaa rogummaa qabu kamiyyuu
akka hin laanne dhiibbaa gochuu hin qaban
Bakkeewwanii fi gochawwan kabaja abbaa alangaa gadi buusan irraa of qusachuu
qabu. Keessattuu,deddeebi’uun mana dhugaatii, fi bakka qumaaraatti argamuu sirriitti
qorachuun dhabamsiisuun barbaachisaa dha
Waan ta’eefuu, abbaan alangaa:
Walitti dhufeenyaa fi haala jireenyaa bilisummaa ogummaa,alloogummaa fi
haqummaa isaanii gaaffii keessa galchu irraa kan of eegan yoo ta’e;
Aangoo isaanii faayidaa dhuunfaa ykn namoota biroof kan hin oolchine yoo ta’e
Walitti dhufeenyi isaan abukaattotaa fi kanneen biroo wajjiin qaban sadarkaasaa kan
eeggate yoo ta’e;
Sababa malee kennaawwan fudhachuu irraa kan of qusatu yoo ta’e:
Miseensummaa dhaabbilee fi hawaasummaa loogii uuman irraa kan fagaatu yoo ta’e
Icitii kan eegu yoo ta’e naamusa fayyaalummaa qaba isa jechisiisu gonfateera jechuun
ni danda’ama.
100
Fayyaalummaa Ilaalchisee
Gaaffilee Marii
1. Abbaa seeraas ta’e abbaan alangaa miidiyaa ogummaa isaarratti dhiibbaa hin uumne
dirqama naamusaa keessaa tokko kan hordofu filachuun barbaachisaa dha jettanii
amantuu?
2. Biyya keenyatti kennaa kennuu fi fudhachuun kan baratame dha.Namni kennu sun
kennuu yoo barbaadee fi ittis kan gammadu yoo ta’e; akkasumas, abbaan seeraa ykn
abbaan alangaa kennaa sana fudhachuusaatiin hojiisaarratti jijjiirama hanga hin fidnetti
kennaa fudhachuun homaa rakkoo hin qabu falmiin jedhu jira. Hojjettoonni
mootummaa tokko tokko tajaajila gaarii kennuu kootiin tajaajilamaan itti gammadee
kennaa yoo naaf kenne rakkoo maal qaba? Anis fudhachuun koo balleessaa maalii qaba?
jedhanii falmu. Aadaa biyya keenyaa tilmaama keessa galchuun abbaan seeraa ykn
abbaan alangaa kennaan yoo kennamuuf maal gochuu akka qabu irratti mari’adhaa.
3. Abbaan seeraa mana amantaa tokko keessatti lallabaan tajaajila. Haa ta’u malee, gochi
kee kun alloogummaa fi bilisummaan hin hojjettu hubannoo jedhu hawaasaa fi abbootii
seeraa biroo biratti uumaa kan jiruu fi kunis hojii abbaa seerummaa wajjiin hin deemu
waan ta’eef dhaabachiisuu qabda. Ta’uu baannaan hojii abbaa seerummaa gadhiisuu
qabda yaadachiisi jedhu hooggantoota mana murtii irraa isa dhaqqaba. Dhiibbaa lallabaan
tajaajiluun abbaa seeraa qaama abbaa seerummaa irratti qabu kaasaatii mari’adhaa!
4. Abbaan seeraa herrega bilbilaa kaffaluu gara buufata telekoominikeeshinii deeme tokko
hiriira ta’uu isaa argee abbaa seeraa ta’uu isaa, fi abbootiin dhimmaa hedduun mana
murtiitti kan eegan ta’uu ibsuun dursi akka kennamuuf qabduu maallaqaa gaafannaan
isaanis hayyamaniifii dursa kaffalchiisuun gaggeessan. Akkas gochuun abbaa seeraa sun
sirrii dha? Abbaan seeraa kana kan godhu yeroo hundaa ji’a ji’aan yoo ta’e
garaagarummaa uumu qabaa?
5. Abbaan seeraa mana murtii ol’aanaa naannoo tokkoo daldaltoota naannoo jiran wajjiin
iqubii qaba. Achi irratti ji’a ji’aan argama. Biiraa ykn diraaftii dhuganii iqubii buusanii
adda bahu. Gochi abbaa seeraa kun sirrii dha jettanii tilmaamtuu?
101
6. Abbaan seeraa bashannanaaf jecha mana karanbullaa ykn puulii deemuu baay’isa. Gochi
abbaa seeraa kun gocha sirrii dhaa?
7. Abbaan seeraa dhimmoota siyaasaa yeroo ta’an irratti yaada qabu ibsa. Dhaaba siyaasaa
deggaru irrattis argameera. Akka hubannoo namoota tokko tokkootti kana gochuun abbaa
seeraa loogii agarsiisa. Waan ta’eefuu, gocha akkasii kana irraa of fageessuu qaba jedhu.
Gama biraatiin ammoo miseensa dhaaba siyaasaa ta’ee hanga hin jirretti kun mirga
isaati;alloogessa akka hin taanetti isa hin lakkoofsisu bifa jedhuun yaadni ka’us ni
jira.Isin yaadota lamaan kana attamitti madaaltu?
8. Abbaan seeraa obbo kabbadaa jedhamu hiriyyaasaa dhaaba siyaasaa gaggeessu tokkoo
wajjiin dhimma siyaasaa irratti yeroo hunda mari’atu. Hiriyyoota ta’anis, ejjennoo
siyaasaa irratti obbo Kabbadaan hiriyaasaan walii hin galu. Abbaan seeraa dhimma
siyaasaa irratti gaggeessaa dhaaba siyaasaa wajjiin falmii gochuun isaa sirrii dhaa?
9. Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa tokko ragaa kennuuf waamamanii
mana murtii yoo seenan abbaan seeraa ragoota biroo irraa haala adda ta’een simannaa
godheefi. Sababa kanaan ragoota biroo irraa haala adda ta’een simannaa taasisuun kee
sirrii miti jedhamee himannaan irratti baname. Isaan garuu, miseensa Mana Maree Bakka
Bu’oota Uummataati. Uummata kumaatama hedduutti lakkaa’aman bakka bu’u. Waan
ta’eefuu, abbaan seeraa himatame kun kabajni koo uummataaf malee nama bakka bu’aa
uummataa ta’e sanaaf miti jedhanii deebisu. Kana irratti isin yaada maalii qabdu?
10. Abbaan seeraa dhaddacha gaggeessaa osoo jiranii lubni hoogganaa mana amantaa
Naannoo ta’e tokko akka tasaa dhaddacha yoo seenan,”nagaa jirtuu, abbaa?” jechuun
teessoo isaanii irraa ol jedhanii nagaa erga gaafatanii booda,namoota fuuldura taa’uun
dhaddacha hordofaa turan lama bakka akka gadhiisan gaafatee lubichi akka taa’an
affeeruun dhaddacha itti fufan. Gochi isaanii kun hojii abbaa seerummaa wajjiin kan
deemu dha? Luba ta’uun hafee Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo osoo tahee
deebiin keessan ni jijjiiramaa?
11. Abbaan seeraa mana jireenya isaa abukaattoo mana murtii inni itti hojjetuutti falmutti
kireessa. Dhimma abukaattichi qabatee falmu dhaddacha irratti murteessa. Abbaan seeraa
manasaa abukaattoof kireessuun barbaachisaamoo barbaachisaa miti? Dhimma
abukaattichi qabatee falmu irraa ka’uu qaba turee?
102
12. Abbaan alangaa galmee qorataa biraa dhihaateef yoo ilaalu ragaan raawwachuu yakkaa
agarsiisu dhihaachuu arga. Jechuunis, ragaan namaa gahaa dhihaateera.Haa ta’u malee
abbaan alangaa dhuunfaasaatti kan beeku himatamaan yakkicha kan hin raawwanne ta’uu
dha. Maal gochuu qaba? Maaliif?
13. Abbaan seeraa fi abukaattoon aanaa tokko keessatti dhalatanii guddatan. Walgahii
dhalattoonni aanaa godhan irratti yeroo wal argan dhimmoota jireenya dhuunfaasaanii
irratti xiyyeeffate darbee darbees waa’ee seeraa fi itti gaafatamummaa ogeessota seeraa
haasa’u. Marii ji’a kana gaggeeffame irratti osoo haasa’anii abukaattittiin dhimma
qabattee jirtuu fi abbaa seerichaan ilaalamaa jiru haala qoosaa fi dhugummaan isaa hin
beekamneen ragaan namichi dhiheesse sun foorjidiidhaam! jettee odeeffannoo fakkaataa
yoo kaastu, abbaan seeraas akkasidhamoo? erga jedhee booda mata-duree haasaa biraatti
darbu.Gochi abbaa seeraa attamitti ilaalama? Akka carraa ta’ee haasaa abukaattoo gareen
biraa dhagaheera osoo ta’ehoo?
14. Abbaan abbaa seeraa mana murtii aanaa tokko keessa hojjetan addunyaa kana irraa
du’aan waan boqotaniif awwaalli erga raawwatee booda akka aadaa nannootti namni
awwaala irratti argame hundi baasii bakka buusuuf yaaduun akkuma humna isaatti carqii
nama gaddaa jiru fuulduratti diriiree taa’u irra qarshii buusaa deema. Abukaattoon abbaa
seeraa sana biraa dhimma qabu tokko hanga namoonni biroo laatan dachaa baayyee
caalchisee karaa abbaan seeraa dhaabbatu cinaa kaa’ee sokka. Abbaan seeraa kana
hubatan qarshichi akka sossobbiitti ilaalamuu qabamoo hin qabu jedhee shakkii keessa
seena. Maal gochuu qaba?
2.3.5. Beekumsaa fi Dandeettii Seeraa Itti fufiinsaan Dagaagsuu fi Tattaaffii
(Deligence)
2.3.5.1. Abbaa Seerummaa fi Kaka’umsaa fi Tattaaffii
Cimina (diligence) jechuun of eeggannoo fi qulqullinaan hojjechuu, yeroo sirriitti fayyadamuun
yerootti hojii xumuruu kan agarsiisu dha.
Abbaan seeraa hojii isaatti kormee ta’uu qaba. Abbaan seeraa yeroo isaa xiyyeeffannoon hojii
abbaa seerummaaf hin oolchine dhimmoota lafarra harkisuun ykn xiyyeeffannoo malee ilaaluun
lammiileen akka rakkatan gochuun haqxi akka jallatu godha.
103
Gama biraatiin abbaan seeraa hojii abbaa seerummaa isaa gahumsaan hojjechuuf yeroo hunda of
fooyyeessuuf kan dhama’u ta’uu qaba. Abbaan seeraa dandeettii fi gahumsa hin qabne hanga
fedhe fayyaalessa ta’ullee hanqina dandeettiin haqa dabsuu danda’a.
Labsii manneen murtii federaalaa hundeessuuf bahe lakkoofsa 24/88, kwt.8(1) jalatti ulaagaalee
abbaa seeraa ta’uuf nama dandeessisan jedhamuun taa’an keessaa 1) barumsa seeraan kan
leenji’e ykn beekumsa gahaa kan qabu 2) Cimina isaatiin,haqummaa isaa fi naamusa isaatiin
maqaa gaarii nama horate ta’uu akka qabu tumameera.
Akkasumas, danbii naamusa abbootii seeraa federaalaa kwt.6 kaka’umsa agarsiisuu mata-duree
jedhu jalatti “ abbaan seeraa hojii abbaa seerummaa irratti kaka’umsa barbaachisaa ta’e
agarsiisuu akkasumas, beekumsa seeraa qabu fooyyeeffachuuf yeroo hunda yaalii gochuu qaba”
jechuun tuma. Danbiin naamusa abbootii seeraa naannoo Amaaraa kwt.5 (1) abbootiin seeraa
beekumsaa fi naamusa ogummaa sadarkaa ol aanaa qabaachuu qabu. Hojii isaaniis sirnaan, of
eeggannoon, kaka’umsaan, humna guutuun, gahumsaa fi karaa bu’a qabeessa ta’een hojjechuu
qabu jechuun tuma.
Waan ta’eefuu, abbaan seeraa:
Yoomiyyuu taanaan beekumsaa fi dandeettii seeraa guddifachuuf cimee socho’uu qaba.
Giloobaalaayizeeshiniitiin yeroo addunyaan tokko ta’aa dhufte kanattis beekumsa seera
addunyaa qabu yeroo yeroon gabbifachuu qaba.
Leenjiiwwan gahumsa cimsuuf yeroo yeroon kennaman irratti hirmaachuu qaba.
Beekumsa seeraa teekinikaawaa ta’e qofa irratti osoo hin daangeffamiin dhimmoota
hawaasummaa murteessoo ta’an irrattis beekumsaa fi odeeffannoo bal’aa qabaachuu
qabu.
Murtiiwwan kennuuf sababa sirrii ta’e seeraan deggaree agarsiisuu qaba. Danbii naamusa
abbootii seeraa federaalaa keewwati 12 mata-duree kenninsa murtii jedhu
jalatti:”abbaan seeraa murtii ykn ajaja yeroo kennu bu’uura seerota adeemsaa keessatti
tumamee jiruun ijoo dubbii, ragaa fi falmii jiru ibsuun seera rogummaa qabu tuquun
sababa ibsuun barreessuu qaba jechuun tuma. Haaluma walfakkaatuun,danbii naamusa
naannoo Amaaraa kwt.7(1) abbaan seeraa murtii ykn ajaja yeroo kennu bu’uura seerota
104
adeemsaa tumamaniin ijoo dubbii,haala ragaa fi falmii ibsuun seera rogummaa qabu
tuqee sababa ibsuun barreessuu akka qabu ni tuma.
Akkasumas, keewwata 13 mata-duree murtii balleessummaa fi adabbii jedhu jalatti 1)
abbaan seeraa dhimma yakkaa irratti murtii balleessummaa yoo kennu keewwata
himatamaan yakka raawwate jedhamee ittiin himatame, gochicha raawwachuu ragaa
dhihaatee fi ragaa ittisaa of eeggannoo guddaan madaaluu qaba. 2) Abbaan seeraa murtii
adabbii yoo kennu akka barbaadetti kan kennu osoo hin taane haala himatamaan
yakkicha itti raawwate, kaayyoo adabbii fi akkaataa adabbiin itti murtaa’u akkasumas,
qajeeltoowwan adabbii cimsanii fi salphisuuf seeera adeemsa falmii yakkaa keessatti
tumaman of eeggannoon madaaluun balleessaa himatamaaf adabbii barbaachisaa ta’e
murteessuu qaba.
Keewwata 14 mata-duree haala yaadaan adda itti bahan jedhu jalatti- yaadaan adda
bahuun abbaa seeraa mirga ta’us haqni si’oomina qabu akka kennamuuf yaada ittiin
adda bahe osoo hin turiin barreessuu qaba. Yoo barreessus, dhimmichi qeequu bira
darbuun miiras ta’e kabaja abbootii seeraa waliin hojjetu, namoota dhuunfaa biroos ta’e
hawaasaa bifa tuquun ibsuu hin qabu” tumaa jedhu arganna.
Abbaan seeraa yeroo kamiyyuu sa’atii hojii kabajee argamuu qaba. Danbiin naamusa
abbootii seeraa federaalaa kwt.22 mata-duree sa’atii hojii kabajuu jedhu jalatti, abbaan
seeraa sa’atii hojii kabajuun warreen biroof fakkeenya ta’uu waan qabuuf sababa gahaa
ykn hayyama osoo hin qabaatiin hojiirraa hafuu hin qabu jechuun tuma.
Abbaan seeraa tokko hojii abbaa seerummaasaa akka waliigalaa fi dhimmoota isaaf
ramadaman hanga danda’ametti si’oominaan, karaa haqa qabeessa ta’ee fi yeroo
gabaabaa keessatti raawwachuuf dhamaatee barbaachisaa ta’e gochuu qaba. Danbii
naamusa abbootii seeraa federaalaa keewwati 7 beellama baay’isuu dhiisuu mata-
duree jedhu jalatti, abbaan seeraa dhimma dhihaateef hunda hanga danda’ametti
si’oominaan kutuu qaba. Kanaafuu, sababa gahaa malee dhimmi tokko lafarra harkisuu
hin qabu jechuun tuma. Waan ta’eefuu, yeroo hundaayyuu abbaan seeraa sababa malee
dhimmoota lafarra akka hin harkifnee; sababa kanaanis abbootiin dhimmaa baasii hin
barbaachifneef akka hin saaxilamne tattaaffii cimaa gochuu qaba.
Haa ta’u malee,
105
Abbaan seeraa alkoolii fi araada adda addaatiif kan saaxilame yoo ta’e
kaka’umsaa fi cimina hojiin abbaa seerummaa barbaadu agarsiisuu dadhabuu
danda’a.
Ciminni bu’aa barbaadamu akka fiduuf baayyachuu hojiin muddamuu dhabuu,
qabeenyi gahaan (hojjettoota deggersaa dabalatee) jiraachuu, hojii qo’annoo fi
qorannoo gaggeessuuf yeroo gahaa argachuun barbaachisaa dha. Waan
ta’eefuu, abbaan seeraa garmalee baayyachuu hojiin kan muddamuu fi
hojjettoota deggersaa gahumsa qabaniin kan hin deggaramne yoo ta’e,
akkasumas, hojii abbaa seerummaa akka barbaachisutti gaggeessuu fi
fooyyeessuuf qabeenyaan gahaan kan hin ramadamne yoo ta’e naanna’ee
naanna’ee hojii abbaa seerummaa gahumsaa fi ciminaan hojjechuuf rakkisaa
ta’uun isaa kan shakkisiisu miti.
Abbootiin seeraa yeroo boqonnaa isaanii hojii biroo hojjetanii galii dabalataa kan
argatan yoo ta’e, hojii idilee isaaniitti xiyyeeffannoo akka hin kennine gochuu
danda’a. Kana bira darbees, itti gaafatamummaa ol aanaa qaban duubatti
dhiisuun galii isaanii guddifachuu irratti xiyyeeffannoo kennuu danda’u. Hojiin
abbaa seerummaa tajaajiltummaa uummataa (community service) ta’uu
hubachuun abbootiin seeraa hojiiwwan biroo hojii idilee isaaniirratti dhiibbaa
uuman irraa of qusachuu qabu. Hojiin abbootii seeraa inni duraa tajaajila abbaa
seerummaa kennuu waan ta’eef, hojii kanaaf dursa laachuun ciminaan
hojjechuuti irraa eegama.
Abbaan seeraa tokko beekumsaa fi dandeettii ogummaa qabu murtii kennuun cinatti raawwii
hojii mana murtii fooyyeessuuf hojiiwwan gargaaran biroo hojjechuu qaba.
Itti gaafatamummaan kun bulchiinsa dhimmootaa, sirnaan eegamuu faayilootaa, sirnaan
hojiirra ooluu qabeenya mana murtii hordofuu, akkasumas hojjettoota deggersaa
manneen murtii qajeelchuu dabalata.
Abbootiin seeraa raawwii hojii hojjettoota dhaddachaas to’achuu qabu. Danbii naamusa
abbootii seeraa federaalaa kwt.15 raawwii hojii hojjettoota dhaddachaa to’achuu
mata-duree jedhu jalatti, “naamusi hojjettoota dhaddachaa akka hin hir’anne, hojii
isaanii irratti hanqina naamusaa akka hin agarsiifne ykn hojii isaanii faayidaa dhuunfaa
106
isaaniif akka hin oolchine abbootiin seeraa to’achuun gorsa barbaachisaa ta’es kennuufii
qabu; barbaachisaa ta’ee yeroo argamettis tarkaanfiin seera qabeessa ta’e akka
fudhatamu gochuu qabu.”jedha.
Akkasumas, keewwata 21 naamusa hojjettoota mana murtii to’achuu mata-duree
jedhu jalatti abbaan seeraa hojjettoota mana murtii fi ofiisaa jidduutti gochawwan
waltuffii uuman irraa of qusachuu qaba jedha. Akkasumas, hojjettoonni kabaja mana
murtii akka eeganiif abbootii dhimmaaf, ragootaa fi namoota biroo gara mana murtii
dhufan maraaf gara laafina agarsiisuu qabu jechuun tuma.
Yeroo tokko tokko hojjettoonni mana murtii faayilii baasanii laachuuf, xalayaa
yaamichaa baasuuf, koppii kennuuf kkf kaffaltii hin malle tajaajilamtoota irraa
gaafachuu waan danda’aniif, gochawwan akkasii akka hin raawwanneef abbaan seeraa:
1) Bakka namni hundi argutti namni kamiyyuu kaffaltii hin malle osoo hin kaffaliin
waan barbaadu argachuun mirga akka ta’e 2) waan barbaadan argachuuf waantota
guuttachuu qaban 3) rakkoon yoo mudate bakka itti iyyachuu qaban beeksisuu 4)
qaamota kana hordofan hundeessuu 5) komiiwwan dhihaataniif sirna furmaanni
atattamaa kennamuu itti danda’u diriirsuuti irraa eegama.
Sirna iftoomina qabu diriirsuun gareewwan walfalmanis ta’e abukaattonni galmeewwan
mana murtiitti falmiirra jiran sadarka maaliirra akka jirran haala salphaan akka beekan
gochuuti irraa eegama.
Abbootiin seeraa gareewwan walfalman karaa mala hiikkaa waldiddaa filannoo
waldhabdee isaaniif furmaata akka kennan jajjabeessuu qabu. Haa ta’u malee, gareen
falmii qabu gara mala waldiddaa hiikuuf kan deeme mana murtiin dhiibamee malee
ofiisaatiin fedhee akka hin taane akka yaadu gochuu irraas of eeggachuun barbaachisaa
dha.
Abbaan seeraa galmeewwan abbootii seeraaf qooduuf itti gaafatamummaa qabu fedhii
abbootii dhimmaa, ykn abukaattotaa, ykn qaama raawwachiiftuu qofa jiddu galeessa
godhachuun abukaattoon ykn abbaan dhimmaa tokko tokko dhimmi isaanii abbaa seeraa
isaan barbaadaniin akka ilaalamu gochuun barbaachisummaa hin qabu. Sababni isaa,
dhimmoonni dhaddacha ykn abbootii seeraa muraasa harkatti kuufammuun furmaata
akka hin arganne gochuusaa caalaayyuu abbootii seeraa muraasa irratti baay’ina hojii
humnaa olii ta’e uuma.
107
Waan ta’eefuu, abbaan seeraa:
1. Beekumsaa fi dandeettii isaa fooyyeeffachuuf yeroo hunda kan hojjetu yoo ta’e
2. Beekumsa seeraa qabu biratti dhimmoota hawaasummaa irratti beekumsa isaa
fooyyeeffachuuf kan hojjetu yoo ta’e
3. Murtiiwwan kennu irratti sababa barbaachisaa ta’e seera rogummaa qabuun
deeggaree kan kennu yoo ta’e
4. Sa’atii hojii kan kabaju yoo ta’e
5. Hojii qulqullinaa fi xiyyeeffannoon kan hojjetu yoo ta’e;
6. Tajaajilamtoonni sababa malee akka hin rakkanne hanga danda’ametti si’oominaan
murtii kan kennu yoo ta’e;
7. Waantota alkoolii ta’anii fi araadawwan cimina isaa dadhabsiisuu danda’an irraa
kan of eegu yoo ta’e;
8. Hojii abbaa seerummaaf dursa kennuun gochawwan biroo hojii abbaa seerummaa
gufachiisan irraa kan of qusatu yoo ta’e;
9. Raawwii hojii mana murtii fooyyeessuuf hojiiwwan gargaaran yeroo yeroon
hordofuun kan hojjetu yoo ta’e;
10. Hojjettoonni mana murtii hojii isaanii sirriitti akka raawwatanii fi tajaajilamaan akka
hin rakkanneef kan hordofu yoo ta’e
11. Dhimmoonni osoo hin harkifatiin tajaajilamtoonni murtii ariifachiisaa akka
argataniif kan dhama’u yoo ta’e qajeeltoo ciminnii fi dammaqinni gaafatu qaba
jechuu dha.
2.3.5.2. Hojii Abbaa Alangummaatiin Kaka’umsaa fi Dhamaatii Agarsiisuu
Abbaan alangaas akkuma abbaa seeraa cimaa akka ta’u, beekumsaa fi dandeettii isaa yeroo
hundayyuu gabbifachuuf kan hojjetu ta’uuti irraa eegama.
Danbii lakkoofsa.... keewwata....Abbaa alangummaan muudamuuf ulaagaaleen barbaachisan
keessaa: 1) barumsa seeraan kan leenji’e ykn beekumsa gahaa kan qabu 2) cimina isaatiin,
haqummaa fi naamusa isaatiin maqaa gaarii kan qabu ta’uu akka qabu ni tuma.
108
Waan ta’eefuu, abbaan alangaa gama kaka’umsaatiin akkasumas beekumsaa fi dandeettii isaa
gama guddisuutiin dirqamni walfakkaataa kan irraa eegamu yommuu ta’u keessattuu:
Qorattootni yeroo barbaadanitti deggersaa fi gorsa ogummaa kennuuti irraa eegama.
Hanga danda’ametti rakkoolee ragaa yeroon sirreessuun barbaachisaa bakka ta’etti
ammoo qorannoon gaggeeffamu yeroo dheeraa osoo hin fudhatiin addaan akka citu
gochuuti irraa eegama.
Galmee qorannoo dhihaatuuf ragaan gahaan hin jiru jedhee cufuun dura of eeggannoon
qorachuu, qorataa waliin mari’achuun murteessuu; ragaan guutuu hin taane kan jiru yoo
ta’es qorataan akka dhiheessuuf carraa kennuufii qaba.
Himata hundeessuuf murtoon godhamu murtee ulfaataa dha. Seeraa fi sirna eeguu fi
kabachiisuun himata yakkaa bu’a qabeessa ta’e hundeessuun barbaachisaa dha. Tokkoon
tokkoon himata dhimma yakkaa miidhamaa irratti, ragoota irratti, akkasumas
himatamtoota irratti miidhaan dhaqqabsiisu salphaa miti. Waan ta’eefuu, murtiin himata
hundeessuu abbaa alangaan godhamu of eeggannoon ta’uu qaba. Yoo baase haa baasu
ykn manni murtii gara fedhe haa deebisu jechuudhaan keewwata rogummaa hin qabne
ibsuun himatamtoonni akka dhamahan taasisuun qabeenyii fi yeroon mootummaa akka
qisaasa’u gochuu irraa of qusachuu qaba.
Daa’imman ofiin yakka yoo raawwatan ykn yakki isaan irratti raawwatamee yeroo
dhihaatanitti faayidaa daa’immanii bifa tilmaama keessa galcheen himata qopheessuu fi
balaa hin malleef akka hin saaxilamne of eeggannoo gochuu qaba.
Galmee qorannoo yoo cufu, qorannoon dabalataa akka godhamuuf yoo ajaju, himata yoo
hundeessu, adeemsa falmii keessa himanni akka fooyyaa’uuf yoo gaafatu ykn himanni
addaan akka citu yoo taasisu sababa isaa seera jiruun deeggaree ibsuu qaba.
Akkuma abbaa seeraa sa’atii hojii kabajee argamuu qaba. Akka danbii naamusa abbootii
alangaa federaalaatti sa’atii hojiitiin alas hojjechuuf dirqama qaba. Keewwata 16 sa’atii
idileen olitti hojjechuu mata-duree jedhu jalatti tumaawwan taa’an keessaa tokko
hoogganaan dhimmi ilaallatu yeroo ajajetti abbaan alangaa kamiyyuu sa’atii hojii idileen
olitti hojjechuuf dirqama qaba kan jedhu dha.
109
Akkuma abbaa seeraa dhimmootni sababoota hin barbaachifneen lafarra akka
harkifatannee fi sababa kanaan abbootiin dhimmaas baasii fi rakkoo hin malleef akka hin
saaxilamne taasisuuf dhamaatee cimaa gochuu qaba.
Akkuma abbaa seeraa alkoolii fi araada adda addaa cimina isaa gaaffii keessa galchuu
danda’an irraa of eeguu qaba.
Hojiin inni yeroo boqonnaa isaatti hojjetu hojii abbaa alangummaa isaa irratti dhiibbaa
kan qabaatu yoo ta’e dursa hojii abbaa alangummaaf kennuu qaba. Danbii ittiin bulmaata
abbootii alangaa federaalaa keessatti kan armaan gadii arganna.
Keewwata71. Manneen Hojii fi Dhaabbilee Biroof Hojjechuu
1. Abbaan alangaa kamiyyuu:
a. Sa’a hojii idileetti humna isaa, beekumsa isaa fi yaada isaa guutuu hojii mana
hojii itti qacarameef oolchuu qaba. Haa ta’u malee, akka barbaachisutti kan
ajajamu yoo ta’e mana hojii mootummaa biroo ykn dhaabbata misooma
mootummaa biroo keessa hojjechuu qaba.
b. Tajaajila mana hojiisaaf qabu kan hir’isu ykn faallaa hojii fi itti gaafatamummaa
kennamee fi naamusa ogummaan kan hojjetu yoo ta’e hojii waajjiraan alaa
kamiyyuu hojjechuu hin danda’u.
Tumaan keewwata kanaa keewwata-xiqqaa 1 akkuma jirutti ta’ee abbaan alangaa kamiyyuu hojii
alaa hojjechuun dura hayyama ministeerichaa argachuu qaba.
Abbaan alangaa mana murtiitti beellamaan yeroo waamamu kamittuu akkaataa danbii
jiruun sirriitti qophaa’ee dhihaachuu qaba.
Waan ta’eefuu, abbaan alangaa:
1. Beekumsaa fi dandeettii isaa gabbifachuuf yeroo hunda kan hojjetu yoo ta’e
2. Hojiisaa kaka’umsaan kan hojjetu yoo ta’e
3. Galmee qorannoo cufuuf,qorannoo dabalataa ajajuuf, himata hundeessuuf of
eeggannoo barbaachisaa kan godhu yoo ta’e
4. Murtiiwwan murteessu irratti mirgaa fi faayidaa himatamaa,miidhamaa
dhuunfaa,fi ragootaa bifa eegsiseen kan hojjetu yoo ta’e
110
5. Murtiiwwan kennu maraaf sababa sirrii seera rogummaa qabuun deggeree kan
kennu yoo ta’e
6. Sa’atii hojii kan kabaju yoo ta’e
7. Yeroo hunda dhaddacha irratti qophaa’ee kan dhihaatu yoo ta’e
8. Alkoolii fi araadota adda addaa cimina isaa dadhabsiisan irraa kan of eegu yoo
ta’e
9. Hojii abbaa alangummaaf dursa laachuun hojiin akka hin miidhamne kan godhu
yoo ta’e qajeeltoo ciminni gaafatu qaba jechuu dha
Kaka’umsaa fi Dhamaatii Ilaalchisee
Gaaffiiwwan Marii
1. Dhimma dhaddachaan qabame tokko abbaan seeraa murtii yoo barreessu falmiiwwan
seeraa himatamaan dhiheesse rogummaa hin qaban jedhee waan itti amaneef falmiiwwan
seeraa dhihaatan osoo hin qeeqiin himatamaa irratti murtii kenne. Kana gochuu isaatiin
abbaan seerichaa himatamaaf kan loogu ta’uu agarsiisa yaada jedhuun abbaa seeraa sana
irratti himanni dhihaate. Abbaan seeraa kun loogii raawwateera jedhamuu danda’a?
Abbaan seeraa kun maal akka godhuti irraa eegama?
2. Haalawwan jireenyaa barbaachisoo hin taane, bakkeewwan oolmaa,fi kkf kaka’umsaa fi
dhamaatii abbaa seeraa irratti dhiibbaa qaqqabsiisuu danda’an maalfaa ta’uu akka
danda’an kaasaatii marihadhaa.
3. Abbootiin seeraa ykn abbootiin alangaa tokko tokko mootummaan akka nuti ciminaa fi
kaka’umsaan hojjennu yoo barbaade faayidaawwan barbaachisoo ta’an guutuu qaba
jedhu. Osoo kana hin guutiin kaka’umsaan hojjedhaa jechuu hin danda’u jedhanii falmu.
Ciminaan hojjechuu dhabuudhaaf kun akka sababaatti dhihaachuun isaa sirrii dhaa?
Irratti mari’adhaa.
4. Hojii abbaa seerummaa sa’atii hojiin alattis mana keessattillee waan hojjennuuf sa’atii
akka kabajnu nurraa hin eegamu abbootiin seeraa jedhan ni jiru. Isin kana irratti yaada
maalii qabdu?
5. Abbootiin seeraa hojiiwwan dabalataa akkamii hojjechuu hin qaban? Fakkeenyaaf,
manneen barnootaa seeraatti barsiisummaan hojjechuun hojii abbaa seerummaa irratti
dhiibbaa badaa hin qabaatu laataa?
111
6. Abbaan alangaa himachuufis ta’e himachuu dhiisuuf ragaan kan isa rakkisu yoo ta’e maal
gochuu qaba jettu?
7. Himata yakka saamichaa baname tokko irratti himatamtoonni ofirraa akka ittisan manni
murtii jalamurtii kennee osoo jiruu, abbaan seeraa tokko waggaa 8tiin booda darbiinsa
harkaa jechuun dhimmichi gara mana murtii federaalaa sadarkaa tokkoffaatti akka
deebi’u ajaje. Gara mana murtii sadarkaa tokkoffaatti deebisuun sirrii miti jedhamee
himatni naamusaa abbaa seeraa kana irratti baname. Gumiin bulchiinsa abbootii seeraa
dhimmicha ilaales: seerri adeemsa falmii yakkaa ragaan dhihaatee jiru yakka himanni itti
baname kan hin mirkaneessine ta’ee garuu ammoo keewwata yakka xiqqaa himanni itti
banameen gadi jiru kan mirkaneessu yoo ta’e, osuma himanni keewwata yakkaa xiqqaa
jalatti hin banamne ta’eeyyuu murtii kennuun akka danda’amu ni hayyama. Abbootiin
seeraa abbaa seeraa kana dura ajaja kennan himatamtoonni ofirraa akka ittisan jalmurtii
kennuun isaanii ofirraa ittisuu baannaan bu’uura seera adeemsa falmii yakkaa kwt.113 (2)
tiin murtii balleessummaa akka kennan ifa dha. Abbaan seeraa kun ajaja abbootiin seeraa
isa dura jiran kennan haala haquun dhimmicha ilaaluuf aangoo kan qabu mana murtii
sadarkaa 1ffaa federaalaati jedhee gadi deebisuun isaa seera adeemsa falmii yakkaa
sirriitti hubachuu dhabuu waan ta’eef hanqina dandeettii agarsiisa gudunfaa jedhu irra
gaheera. Abbaan seeraa kun ajaja kennan kanaan adabbii naamusaa adabamuu qabu
jettanii tilmaamtuu? Maaliif?
Kutaa Sadii
Dirqamoota Naamusa Abukaattotaa fi Kabachiiftota Seeraa : Qaphxiilee Tokko Tokko
Kaayyoowwan
Leenjifamtoonni xumura kutaa kanaa irratti:
1. Sadarkaa naamusaa abukaattota irraa eegamu irratti hubannoo ni qabaatu
2. Sadarkaa naamusaa kabachiiftota seeraa irraa eegamu irratti hubannoo ni qabaatu
3.1. Naamusa kabachiiftota Seeraa
112
Qaamolee seera kabachiisoo yoo jedhamu aangoo poolisiif kenname kan qaban keessattuu,
aangoo qabuu fi hidhuu dabalatee hojii isaanii yeroo gaggeessanittis humna barbaachisaa ta’e
fayyadamuuf aanggoon kan keennameef hooggantoota ykn hojjettoota mootummaa jechuu dha.
Haala qabatamaa Itoophiyaatti yoo ilaalle qaamolee poolisii fi manneen amala sirreessaa
dabalata. Dabalataanis, qaamolee aangoon poolisummaa kennameef ibsi jedhu raayyaa waraanaa
fi humnoota nageenyaa of keessatti kan hammatu ta’uu qajeelfamni naamusa abbootii aangoo
seera raawwachiiftuu Mootummoota Gamtoomanii ni agarsiisa.
Qaamoleen kunniin seera kabachiisuu bira darbee balaan uumamaas ta’e namtolchee hawaasa
tokko keessatti yoo mudatu, tajaajila hawaasa balaarraa oolchuu giddu galeessa godhate
uummataaf ni kennu.Waan ta’eefuu, yeroo tokko tokko qaamoleen kunniin seera kabachiisoo
qofa osoo hin taane qaamolee tajaajila uummataa (community service) kennanis jedhamu.
Tajaajilli hawaasaaf kennamu kan dhuunfaa, kan dinagdee, kan hawaasummaa fi rakkoowwan
biroo tasa mudataniif gargaarsa gochuu dabalata.
Qaamoleen seera kabachiisan hojii isaanii yeroo hojjetan dirqamawwan ogummaa eeguu qaban
hedduu qabu. Isaan keessaa:
1. Hojii isaanii yeroo raawwatan kabaja namoomas ta’e mirgoota namoomaa namoota
hundumaa kabajuu qabu31. Gama kanaan humna fayyadamuun gochawwan mirgootaa fi
bilisummaawwan bu’uuraa wajjiin walitti bu’an irraa of qusachuu qabu. Keessattuu,
mirgoota namoomaa seerota biyyaa fi addunyaa keessatti beekamtii argatan sirriitti beekuu fi
kabajuu akkasumas kabachiisuun dirqama ogummaa abbootii aangoo seera kabachiisan irraa
eegamu dha. Kanaafis, abbootiin aangoo seera kabachiisan mirgoota namoomaa beekanii
akka kabajanii fi akka kabachiisan gochuuf tumaawwan mirgoota namoomaa sadarkaa
biyyaa, ardii fi addunyaatti tumaman adda baafatanii beekuu fi hubachuu qabu.
2. Abbootiin taayitaa seera kabachiisan tarkaanfii humnaa fayyadamuu kan danda’an haalonni
baayyee barbaachisoo ta’an yoo uumaman qofa ta’ee tarkaanfiin fudhatamus madaalawaa
yoo ta’e dha.32 Haalonni kunniinis:
Namni kamiyyuu gocha seeraan alaa akka hin raawwanne ittisuuf
31
Akkuma 30ffaa, keewwata 2. 32
Akkuma 31ffaa, keewwata 3.
113
Bifa seera qabeessa ta’een shakkamaa qabuuf ykn namni to’annoo jala jiru bahuuf
yoo jedhu to’achuuf
Jeequmsa dhaabsisuuf
Haalonni akkasii kun yeroo mudatanittis humna fayyadamuun sirrii kan ta’u barbaachisaa
ta’ee yoo argame qofa. Ta’us, sadarkaa haalonni gaafatanii ol humna fayyadamuu hin qaban.
Danbiin hundeeffama poolisii federaalaa lakkoofsi 86/95 dirqama poolisii akka itti aanutti
kaa’a. Nama yakka hojjete to’annoo jala oolchuuf, balaa ittisuuf akkasumas of eeguuf akka
baraachisummaa isaatti humna madaalawaa fayyadamuu danda’a. Humni poolisiin
fayyadamu madaalawaa kan ta’e, seeraan kan deggaramee fi aangoo bu’uura seeraa kan
godhate ta’uu qaba33.
3. Meeshaa waraanaatiin fayyadamuun tarkaanfii fudhachuun filannoo isa dhumaa ta’uu qaba.
Keessattuu, daa’imman irratti meeshaa waraanaa fayyadamuu hambisuuf seera
kabachiiftonni waan danda’amu hunda gochuu qabu. Gocha yakkaa raawwataniiru
jedhamuun namoonni shakkaman to’annoo jala akka hin oolleef meeshaa waraanaa kan
fayyadaman yoo ta’een alatti ykn lubbuu namoota biroof sodaachisoo ta’anii humna xiqqaa
fayyadamuun to’annoo jala oolchuun kan hin danda’amne yoo ta’een alatti meeshaa
waraanaa fayyadamuun barbaachisummaa miti. Qaamoleen seera kabachiisan meeshaa
waraanaa fayyadamuuf haalli isaan dirqisiisu uumamee kan fayyadaman yoo ta’es, abbootii
taayitaa dhimmi ilaalutti atattamaan gabaasa gochuuti irraa eegama.
4. Dhimmoonni akka qaama raawwachiiftuutti iccitiin eegamuu qaban dirqama bahachuuf ykn
haqa argamsiisuuf kan gargaaru yoo ta’een alatti iccitummaan isaanii akkuma eegametti
tura.34 Danbii Poolisii Federaalaa lakkoofsa 86/95 tumaawwan seerota rogummaa qaban
biroo keessatti tumaman akkuma jiranitti ta’ee odeeffannoowwan nageenya biyyaa fi
uummataa miidhan akkasumas, ajaja qaama aangoo qabuun yoo ajajameen alatti ykn hojii
irrattis ta’e hojiin alatti nama beekuu qabu yoo ta’e malee odeeffannoowwan iccitiin
qabamuu qaban nama biraa kamittuu ibsamuu hin qaban jedha.35 Sababa itti
gaafatamummaa hojii qaban irraan kan ka’e qaamoleen seera kabachiisan odeeffannoo
jireenya dhuunfaa namootaa ilaallatan ykn faayidaa fi maqaa gaarii isaan qaban miidhuu
33
Keewwata 38. 34
Akkuma 33ffaa,keewwata 4 ilaalaa. 35
Akkuma 34ffaa,keewwata 41 ilaalaa.
114
danda’an ni argatu. Odeeffannoowwan akkasii kun of eeggannoo guddaan eegamuu qabu.
Gareewwan biroof kan ibsamanis itti gaafatamummaa hojii bahachuuf ykn haqa argamsiisuuf
baayyee barbaachisoo yoo ta’an qofa dha. Kanaafuu, qaamoleen seera kabachiisan iccitii
odeeffannoo sababa hojiitiin harka isaanii gale eeguuf dirqama ogummaa ni qabaatu.
5. Qaamni seera kabachiisuuf aangoon kennameef kamiyyuu gocha suukanneessuu fi
ammeenyummaan guute, qabinsa ykn adabbii kabaja namoomaa tuquu fi gadi buusu yoo
argu ilaalee dhiisuu hin qabu. Kanaafis ajajni hoogganaa olii, waraanni, sodaan waraanaa,
jeequmsi nageenya biyyaa, tasgabbii dhabuu haala siyaasa biyya keessaa fi kanneen biroo
akka sababaatti dhiheessuun fudhatama hin qabaatu.36 Gochawwan akkasii raawwachuun
kabaja namoomaa irratti gocha yakkaa raawwachuu waan ta’eef Chaarterii Mootummoota
Gamtoomanii fi sanadoota waliigaltee mirgoota namoomaa addunyaa adda addaan walitti
kan bu’uu dha. Kanaafuu, fudhatama hin qabaatu. As irratti yaadonni lama kallattii dirqama
kabachiiftuu seeraatiin maal jechuu akka ta’e hubatamuu qabu.
“Suukanneessuu” jechuun ofiisaa irraa ykn garee biraa irraa ragaa argachuuf ykn
yakka raawwateera jedhame akka himuuf qaama ykn sammuu nama tokko irratti ta’e
jedhanii dararuun miidhaa geessisuu; gocha ofii isaa ykn namni sadaffaan raawwate
ykn raawwateera jedhamee shakkame sodaachisuun ykn dirqisiisuun abbaa taayitaa
ykn nama aangoo mootummaan hojjetu ykn kaka’umsa, waliigaltee, beekaa kan
hinbeekne fakkaachuu isaatiin gocha suukaneessaa raawwatamu kamuu jechuu dha37.
“Ameenyummaan kan guute, haala qabinsaa ykn adabbii al-namummaa,ykn kabaja
namummaa salphisu” gaalee jedhutti hiikkaan addaa Yaa’ii Waliigalaa
Mootummoota Gamtoomaniin kan hin kennamne ta’us, aangootti gar- malee
fayyadamuun gocha ammeenyummaan guutee,al-namummaa fi kabaja namoomaa
gadi buusuu fi miidhaa qaama ykn sammuu irratti dhaqqabsiisu hanga danda’ametti
ittisuun akka danda’amuuf bifa hammachuu danda’uun hiikamuu qaba. Kanaan
walqabsiisee waanti biraa hubatamuu qabu dhimmi kun tarkaanfii adabbii akkaataa
seeraatiin ykn murtii manneen murtiitiin sirreeffamtoota irratti fudhatamu kan hin
36
Akkuma 35ffaa,keewwata 5 ilaalaa. 37
Akka Lakkoofsa Warra Awurooppaatti Fulbaana 10 bara 1984 sanada murtii Walgahii Waliigalaa Mootummoota Gamtoomanii lakkoofsa 39/46 (biyyoota miseensummaa qabaniin mallattaa’e) gocha suukanneessaa fi ammeenyummaan guute, haalli qabinsaa fi adabbii alnamoomaa ta’an hanbisuuf bahe kwt 1(1) gadi fageenyaan ilaalaa.
115
dabalanne ta’uu dha. Gocha ammeenyummaan guute Heerri Mootummaa
Rippaabilika Dimokiraatawaa Itoophiyaa ni dhorka.
6. Abbootiin aangoo seera kabachiisan fayyummaan namoota to’annoo isaanii jala jiranii
eegamuu fi kunuunsi barbaachisaa ta’e godhamuufii mirkaneeffachuu qabu. Barbaachisaa
ta’ee yeroo argametti tajaajila mana yaalaa akka argatan gochuun isaan irraa eegama38.
7. Abbootiin aangoo seera kabachiisan malaammaltummaa irraa bilisa ta’uu qabu. Gocha
malaammaltummaas kutannoon irratti qabsaa’uu qabu39. Qaamoleen seera kabachiisan itti
gaafatamummaa fi adaraa uummataa ol’aanaa ta’e waan qabanii fi qaama mootummaa
kamuu caalaa seera kabachiisuun hojii isaanii idilee waan ta’eef, malaammaltummaa fi gocha
loogii ta’e kamirraayyuu fagaachuu qabu. Gocha badaa kana keessatti kan hirmaatan yoo ta’e
ol’aantummaa seeraa irratti lammiileen amantaa akka hin qabaanne waan godhuuf seeraaf
abboomamuu daran duubatti harkisa. Seera-maleessummaafis karaa saaquu danda’a. Ibsa
biraatiin, malaammaltummaan itti gaafatamummaa fi dirqama ogummaa ol’aanaa qaamolee
seera kabachiisoo waliin kan hin deemne waan ta’eef, qaamoleen kun malaammaltummaa fi
gocha loogii ta’e irraa bilisa ta’uu qabu.
8. Hojii qorannoon walqabatee qaama raawwachiiftuun:
Hanga danda’ametti yakkamaan bilisa akka hin baane namni qulqulluun akka hin
miidhamne bifa gochuu danda’uun hojii qorannoo gaggeessuu qaba.
Dhiibbaawwan qaamolee biroo irraa itti dhufan dandamachuu fi ragaawwan sobaa
walitti qabuu irraa of eeggachuu qaba.
Himatamtoota irratti ragaa walitti yoo qabu karaa seeraan alaa ta’een walitti qabuu
irraa of qusachuu qaba. Hojiin ragaa sassaabuu mirgoota himatamaa haala kabajeen
ta’uuti irraa eegama.
Gochaawwan walitti bu’insa dantaa uuman hir’isuun haalota kabachiisummaa seeraa
irraa itti ka’u xiqqeessuu; walitti bu’insi dantaa yeroo jiraatuttis hojii qorannoo irraa
of kaasuuti irraa eegama.
Dhimmi qoratee dhiheesse tokko abbaa alangaan yoo cufamu ykn mana murtiin yoo
murtaa’u abbaa alangaa dhimmicha cufe ykn mana murtii dhimmicha murteesse akka
malee qeequu irraa of qusachuu qaba. 38
Qajeelfama Naamusa Qaamolee Seera Kabachiisoo Murtii Walgahii Waliigalaa Mootummoota Gamtoomanii Lak.34/169 Mudde 17/1997 ALI tti kan ragga’e. 39
Akkuma 38ffaa, keewwata 7.
116
Gocha naamusaan alaa qaama raawwachiiftuu biroo osoo arguu akka hin agarreetti
bira darbuu hin qabu.
Jireenya dhuunfaa isaa keessatti waliin dhahuu irraa sobuu irraa fi kan kana
fakkaatan irraa of qusachuu qaba.
Mirga miidhamtoota yakkaas ta’e ragootaa bu’uura seeraatiin kabachiisuuf dhamaatii
barbaachisaa ta’e hunda gochuu qaba.
Qorannoo eegaluuf yakki raawwatamuu isaa shakkiin dhama qabeessa ta’e jiraachuu
qaba.
Shakkamtoonni yakka maaliin akka himatamanii fi mirga isaan qaban beeksisuu
qaba.
Adeemsa ragaa sassaabu keessatti ragaan argame himatamaan qulqulluu ta’uu kan
mirkaneessu ta’us walitti qabuu qaba. Sababni isaa, hanga mana murtiin murtaa’utti
akka qulqulluutti lakkaa’ama waan ta’eefi.
Galmeewwan qorannoo sirnaan akka eegamanii fi akka hin banneef eegumsa
barbaachisaa gochuu qaba.
3.2. Qajeeltoowwan Naamusa Abukaattotaa
Dhalli namaa hundi nama ta’anii uumamuu isaaniitiin mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uuraa
argatan akka kabachiifataniif tajaajila gorsa seeraa argachuu haala itti danda’an mijeessuun
barbaachisaa akka ta’e Mootummooti Gamtooman gahee ogeessota seeraa murteessuuf
qajeeltoowwan bu’uuraa inni baase sirriitti agarsiisa40.
Sirna haqaa tokko keessatti walqixxummaan lammiilee kabajamuun seerummaa haqaa fi
madaalawaa ta’e akka argatan yoo barbaadame lammiileen hundi hanga danda’amaa ta’etti
tajaajila seeraa akka argatan gochuun sirni seeraa akka cimuu fi mirgoonni namoomaa akka
kabajamaniif gumaacha guddaa akka qabu hubachuun barbaachisaa dha. Hawaasni bal’aanis
sirna haqaa fi ol aantummaa seeraa irratti amantaa akka qabaatu gochuun mirgi nama hundaa
akkaataa seerri tumuun akka kabajamu waldaan ogeessota seeraa cimaa ta’e jiraachuu kan qabu
40
Qajeeltoowwan Bu’uuraa Gahee Ogeessota Seeraa Mootummoota Gamtoomaniin Akka Lakkoofsa Awurooppaatti Bara 1990 Bahe, Seensa sanadichaa paraagiraafii 9 ilaalaa.
117
yommuu ta’u ogeessonni seeraa fi abukaattonni namuusa ol’aanaa qabanis daran barbaachisoo
dha.
Sanadni qajeeltoowwan bu’uuraa gahee ogeessota seeraa Mootummoota Gamtoomaniin akka
lakkoofsa warra Awurooppaa bara 1990tti qophaa’e tumaalee hedduu tuma. Kanneen keessaa
adeemsa murtii yakkaa keessatti namoonni hundi mirgoota bu’uuraa sirriitti eegsisuu fi ofirraas
ittisuuf tajaajila gorsa seeraa fi gorsitoota seeraa ykn abukaattota haala salphaan argachuu akka
qabanii fi mootummooleenis tajaajila kana loogii tokko malee lammiileen hundi akka argatan
tarsiimoo fi sirna dandeessisu akeekuu qaba kan jedhu isa tokkoo fi isa hangafaati41
Gama kanaan mootummooleen itti gaafatamummaa addaa qaba. Itti gaafatamummaan kun
baajata gahaa ramaduun iyyeeyyii fi kutaaleen hawaasaa dadhaboo ta’an biroof tajaajila gorsa
seeraa bilisa ta’e kennuu dabalata42.
Waldaaleen ogeessota seeraa fi abukaattonni mootummaalee waliin atoomuun lammiilee
gargaarsa seeraa bitachuu hin dandeenyeef tajaajila bilisaa kennuun gahee isaanii bahachuu
qabu.
Abukaattummaan itti gaafatamummaa ol’aanaa kan hordofsiisuu fi bulchiinsa haqaa keessattis
ogummaa gahee guddaa qabu waan ta’eef naamusi abukaattota irraa eegamu ol aanaa dha. Kana
waan ta’eef, jireenya dhuunfaa isaanii keessattillee gochawwan kabajaa fi maqaa gaarii
ogummicha miidhan irraa sirriitti of eeguu fi irraas fagaachuu qabu.43 Abukaattoon tokko
kabajaa fi maqaa ogummaa isaa eeguuf duudhaalee armaan gadii kabajuu fi qabatamaanis
hojiirratti agarsiisuu qaba.
Bilisummaa ogummaa, alloogummaa fi haqummaa hojii keessatti qabatamaan agarsiisuu
Fedha ofii irratti hundaa’uun abukaattummaa dhaabachuurra filannoo fi fedhii abbaa
dhimmaaf dursa kennuu
Himata sobaa fi waliin dhahuun hundaa’e irraa of fageessuu
Lammiileen seera akka cabsan gorsuu ykn seera yoo cabsan callisee ilaaluu irraa of
qusachuu
41
Akkuma 40ffaa, keewwata 1 fi 2 ilaalaa. 42
Akkuma 41ffaa,keewwata 3 ilaaluun ni danda’ama. 43
Akkuma 42ffaa,keewwata 12.
118
Kabajaa fi maqaa gaarii ogummaa isaa eeguu bifa danda’uun jireenya dhuunfaa isaa
gaggeessuu
Itti gaafatamummaa ogummaa fi sadarkaa hojiin abukaatummaa gaafatu guutanii argamu
Sababa hiyyummaatiin lammiilee abukaattoo dhaabbachuu hin dandeenyeef tola
dhaabbachuuf qophii ta’uu
Seeronni haqa jallisan yoo jiraatan akka fooyyaa’aniif yaada dhiheessuu
Kutaaleen hawaasaa hundi mirgoota bu’uuraa lammiileef mirkanaa’anii fi dirqamoota
seeraan jiran akka beekaniif barsiisuu fi beeksisuu
Dirqamni naamusaa abukaattotaa inni guddaan kan ibsamu walitti dhufeenya isaan maamiltoota
wajjiin qabaniini44. Gama kanaan:
Ijoo dubbii seerummaan gaafatame ilaalchisee mirgaa fi dirqama qaban akkasumas mirga
isaanii kabachiisanii dirqama isaanii bahachuuf seerrii fi adeemsi jiru maal akka ta’e
maamiltoota hubachiisuu
Dhimma tokko maamila irraa fuudhuun dura dhimmichi kan baasuuf kan hin baafne ta’uu
ilaalee gorsuu fi filannoo jiru murteessuu. Falmichi kan hin deemsifne taanaan
maamiltoonni akkanumaan abbaa seerummaaf akka kaffalan gochuu irraa of qusachuu
Mirgaa fi faayidaa abbootii dhimmaa kabachiisuuf isaaniin bakka bu’ee falmii
dhiheessuun mirgii fi faayidaan isaanii akka kabajamuuf beekumsaa fi muuxannoo qabu
hojiirra oolchuu
Dhimma maamila isaa gara mana murtii idilee ykn qaama bulchiinsaa abbaa seerummaa
kennuu geessuun dhimmicha xiyyeeffannoon hordofuu,murtii ariifachiisaa fi haqa
qabeessa ta’e akka argatuuf of eeggannoo ogummaa fi dhamaatii guddaa taasisuu
Sadarkaa dhimmi irra jiru yeroo yeroon maamila beeksisuu
Maamila tokko wajjiin walitti dhufeenya eegaluun dura eenyummaa maamilichaa fi
falmiin isaa eenyu wajjiin akka ta’e dursee gaafachuun erga adda baafatee booda, isaa fi
maamilicha jidduu, ykn firoota isaa fi maamilicha jidduu, ykn maamiltoota biroo
ofiisaatii bakka bu’ee jiru wajjiin walitti bu’insi dantaa kan jiru yoo ta’e dhimma
44
Qajeeltoowwan Bu’uuraa Gahee Ogeessota Seeraa Mootummoota Gamtoomanii Akka Lakkoofsa Awurooppaatti Bara 1990 Bahe, keewwata 13.
119
maamilli qabatee dhufe sana dhagahuun walitti bu’insi fedhii kan jiru ta’uu ibsuun
abukaattoo biraa akka dubbisu gorsuu
Sababa tajaajila abukaattummaatiin iccitiiwwan dhuunfaa ykn hojii maamilaa eeguu;.
Icitiiwwan harka isaa galan kamiyyuu maamila osoo hin hayyamsiisiin qaama biraaf
dabarsee kennuu irraa of qusachuu
Dhimmi dhufe abukaattoo biraan qabamee kan ture yoo ta’e, abukaatticha beeksisuun
mormiin kan hin jirre ta’uu mirkaneeffachuu
Kanatti dabalees, abukaattonni gareewwan sadeffaa biroof fayyaalessa ta’anii argamuuf dirqama
qabu45. Gama kanaan keessumaa gochawwan armaan gadiitti ibsaman irraa of qusachuu qaba.
Isaanis:-
Garee biraa wajjiin falmii gaggeessu dhamaasuuf jecha ijoon ala bahee falmuu ykn garee
biraa irratti itti gaafatamummaa dhaqqabsiisu danda’uu isaa ifatti osoo beekuu falmii
hin barbaachifne garee biraa irratti eegaluu
Gareen biraa ragaa akka hin arganneef danqaa kamiyyuu ofiisaatiin uumuu ykn
namoonni biroo gocha kana fakkaatu akka hojjetaniif yaaluu ykn gargaaruu
Ofumaa ragaa dogoggorsuu ykn namoonni biroo gocha kana fakkaatu akka hojjetaniif
yaaluu ykn gargaaruu
Ragaa dhimma ilaalamu wajjiin hidhata hin qabne ykn ijoo dubbii ragaan deeggaramuu
hin dandeenye dhiheessuu
Ragummaaf kan dhihaatu yoo ta’een alatti dhimmoota dhuunfaatti ofiisaatii beeku,
fakkeenyaaf, haqa qabeessummaa dhimma tokkoo, amanamummaa ragaa, balleessaa
ykn itti gaafatamaa ta’uu fi dhiisuu himatamaa ilaalchisuun yaada dhuunfaa kennuu
Maamila ykn namoota biroo jecha ragummaa akka kennan hin dirqisiifamne yoo ta’een
ala namni biraa kamiyyuu garee biraatiif jecha ragummaa ykn ragaa biraa rogummaa
qabu akka hin kennineef dhiibbaa gochuu
Abukaattonni bakka bu’oota abbootii dhimmaa qofa osoo hin taane utubaa bulchiinsa haqaas
waan ta’aniif manneen murtii dhugaa irra gahuun murtii haqaa fi madaalawaa ta’e akka kennan
45
Danbii Naamusa Abukaattota Manneen Murtii Federaalaa Mana Maree Ministeerotaan BaheLakkoofsa 57/1992,keewwata 28 fi 29, Negaarit Gaazzexaa Federaalaa ,waggaa 6ffaa lakkoofsa 1, ilaalaa.
120
gargaaruu qabu. Gama kanaan, danbiin naamusa abukaattota manneen murtii federaalaa
dirqamoota armaan gadii abukaattota irratti gata46:
Jibbaan ykn ammeenyummaan kaka’uun himata ykn iyyata garee biraa miidhu
dhiheessuu dhiisuu
Maamilli gocha waliindhahuu akka hin raawwanne jajjabeessuu ykn hayyamuu dhiisuu
Abbaa seeraa ykn hojjetaa mana murtii biroo bu’uura seeraatiin amansiisuun ala mala
biraa hin barbaachifne kamiyyuu fayyadamuun dhiibbaa uumuuf yaaluu dhiisuu ykn
namni biraa akka yaaluuf jajjabeessuu dhiisuu
Ta’e jedhanii barreeffama ykn haasaa ol bahee mana murtii dogoggorsu gochuu dhiisuu
Jecha ragummaa irratti ykn qabiyyee sanadaa irratti gocha sobaa raawwachuun mana
murtii dogoggorsuuf yaaluu dhiisuu
Ragaa dhimma ilaalamu wajjiin ifatti rogummaa hin qabne rogummaa kan qabu
fakkeessanii mana murtiif kennuu dhiisuu
Ragoonni ragaa sobaa akka kennan gochuu irraa of qusachuu
Dhimma ilaalamaa jiru irratti ragaa ta’ee dhihaachuu nama qabu mana murtiitti dhihaatee
jecha ragummaa akka hin kennine gochuuf yaaluu dhiisuu
Ragaa haala barbaachisaa hin taaneen ifachuu, ykn mudduu, ykn sodaachisuu dhiisuu
Dhaddachaan alatti abbaa seeraa arguun dhimma ilaalamaa jiru tokko irratti haasa’uu fi
ammaalaajummaan dhihaachuu irraa of qusachuu
Walumaagalatti, abukaattoon itti gaafatamummaa faayidaa abbaa dhimmaa kabachiisuu irra
darbu kan qabu ta’uu beekee manni murtii murtii dhugummaa fi haqummaa qabu irra akka
gahuuf gahee irraa eegamu bahachuu qaba. Hojii abukaattummaa isaas haala fayyaalessa ta’een
hojjechuuti irraa eegama.
Itti dabalees, abukaattonni qaamolee bulchiinsa haqaa waan ta’aniif abukaattota biroo
ilaalchisees dirqamoota kabajuu qaban qabu. Kanneen keessaa:
Abukaattoon biraa wajjiin hojjetu gocha naamusa badaa akka hin raawwanne gorsuu;
raawwatee yoo argame ammoo qaama dhimmi ilaalutti beeksisuu
46
Danbii Naamusa Abukaattota Manneen Murtii Federaalaa Mana Maree Ministeerotaan Bahe Lakkoofsa 57/1992 keewwata 56, Negaarit Gaazzexaa Federaalaa,Waggaa 6ffaa,Lakkoofsa 1 ilaalaa.
121
Abukaattoo biraa gadi buusuun maqaa isaas xureessuun maamila isaa jalaa fudhachuu
irraa of qusachuu
Abukaattoo isaa osoo hin hayyamsiisiin maamila abukaattoo biraa qabu wajjiin haasaa
taasisuu irraa of qusachuu
Gocha akka abukaattoonni biroo sirriitti hin hojjenne taasisu irraa of qusachuu qabu.
Faayidaan maamila isaa hanga hin miidhamnetti, fakkeenyaaf, beellamni yeroo qabamu
kan itti mijatu ta’ee osoo jiruu abukaattoo biraa miidhuuf jecha qofa natti hin mijatu
jechuu, garee biraa beellama beeksisuu diduu hin qabu.
Dhuma irratti, abukaattotni tajaajilli abbaa seerummaa haqa qabeessa ta’e akka cimuuf
akkasumas mirgii fi faayidaan maamiltoota isaanii akka eegamuu gochuuf itti gaafatamummaa
dachaa ta’e waan qabaniif hojjechuu kan qabanis itti gaafatamummaa kana bifa madaalchisuu
danda’uunidha. Gama kanaan, kabajamuu mirgoota namoomaa fi bilisummaawwan bu’uuraaf
dammaqinaan dhaabbachuu fi hojjechuu barbaachisa.47 Kanaafis, dhimmoota lama:gama
tokkoon faayidaa maamilaa eegsisuu, gama biraan ammoo haqa kabachiisuu walmadaalchisuuf
dhamahuu qabu. Abukaattotni mirgoonnii fi bilisummaawwan bu’uuraa dhuunfaa akka
kabajamanii fi akka ciman gochuuf itti gaafatamummaa addaa qabu. Itti gaafatamummaa kana
bahachuuf ammoo naamusa ol aanaa ta’e qabaachuuti isaan irraa eegama. Sirni haqaa akka
cimuu fi mirgonni namoomaas akka kabajamaniif abukaattotni yeroo hunda gahee isaan irraa
eegamu bahachuuf hojjechuu akka qabanii fi adeemsa kana keessattis naamusa ogummaa isaaniif
bitamoo ta’uun akka irraa eegamu hubatamuu qaba.
Dirqama Ogummaa Kabachiiftota Seeraa fi Abukaattotaa Ilaalchisee
Gaaffilee Marii
1. Qorataan adeemsa qorannoo keessatti humna madaalawaa hin taane fayyadamuu isaa
shakkamaan yoo ibse abbaan seeraa maal gochuu qaba? Yookiin qorataan hidhamaa ykn
shakkamaa to’annoo isaa jala jiru tokko wal’aansa barbaachisaa ta’e yerootti akka argatu
gochuu dhabuu isaatiin manni murtii maal akka godhuti irraa eegama?
47
Qajeeltoowwan Bu’uuraa Gahee Ogeessota Seeraa Mootummoota Gamtoomaniin Akka Lakkoofsa Warra Awurooppaatti Bara 1990 Bahe, keewwata 14.
122
2. Qorataan yoo qoratu ragaa qulqullina himatamaa mirkaneessus walitti qabuu qaba
jedhama. Kun garuu hojii seera kabachiisuu isaa sirriitti akka hin bahanneef danqaa hin
ta’u laataa?
3. Ogummaa biraa wajjiin walbira yoo qabnu abukaattootni tajaajila seeraa bilisaan akka
kennaniif dirqama ogummaa taasisuun barbaachisaa dha laataa?
4. Gama tokkoon abukaattoon haqa mirkaneessuuf dhaabachuu qaba jedhama. Gama
biraatiin ammoo abukaattoon faayidaa maamila isaa dhugoomsuuf hojjechuu qaba
jedhama. Dirqamoota kanneen lamaan haala kamiin walitti araarsuun danda’ama?
Fakkeenyaaf, abukaattoon tokko ragaa garee biraa gargaaruu danda’u maamila isaa
harkaa yoo arge maal gochuu qaba? Ragaan sanadaa maamilli ittiin falmuuf qabatee
dhihaate kan sobaa yoo ta’ee fi manni murtiis ragaa sobaa ta’uu isaa mirkaneeffachuuf
baayyee kan rakkatu yoo ta’e, garuu ragichi falmii maamila isaa mo’achuuf kan gargaaru
yoo ta’e maal gochuu qaba?
5. Abbaan seeraa sanadni abukaattoon falmii irratti dhiheesse waliin dhahamaa ykn kan
sobaa ta’uu yoo mirkaneeffate, abbaan seeraa sun tarkaanfii attamii abukaattoo irratti
fudhachuu qaba?
6. Abbootiin dhimmaa yeroo tokko tokko seera cabsuun abukaattoon akka isaan gargaaru
barbaadu. Kana gochuuf abukaattonni fedhii hin qabne akkuma jiran mara fedhii kan
qabanis jiru. Tokko tokko dhimmichi kan hin deemsifne ta’us ni deemsisa jedhanii
maaliif akka qabatan yoo ibsan: “ nuti seera qofa hordofnee yoo gorsine,kan hin baasne
si hin baasu yoo jenne si baasa jedhanii abukaattootni dhimmicha fuudhan ni jiru. Waan
ta’eefuu, hojii argachuu hin dandeenyu. Dursa jiraachuu qabna. Jiraachuuf ammoo
yeroo fakkaannee jiraachuu qabna” jedhu.Falmiin abukaattotaa kun amansiisaa dhaa?
Abukaattootni seerri akka cabuuf gorsa kennan maaliif jiraatu? Abukaattotni ilaalcha
akkasii qaban akka hin jiraanneef maal gochuu barbaachisa jettanii tilmaamtu?
7. Yeroo tokko tokko gareewwan walfalman falmiin eegalame tokko lafa irra akka harkifatu
barbaadu. Kana kan godhan dhimmichi dafee murtii argachuu dhabuu isaatiin
fayyadamtoota waan ta’aniifi. Waan ta’eefuu, akka abukaattoon falmicha dheeressuuf
barbaadu. Kana gochuu abukaattootiin maamillis fayyadamaa ta’a. Abukaattoon maal
akka inni godhuti irraa eegama?
8. Abukaattoo falmii afaaniif sirriitti qophaa’ee hin dhufne manni murtii maal gochuu qaba?
123
9. Abukaattoon dhimma walitti bu’insa dantaa qabu irratti falmii osoo godhuu yoo argame,
abbaan seeraa maal gochuu qaba?
Kutaa Afur
4. Itti Gaafatamummaa Naamusa Ogummaa Cabsuun Hordofsiisu
Leenjifamtootaa! Kutaa kana dubbisuu keessaniin dura naamusa ogummaa kabajuu dhabuun itti
gaafatamummaa attamii akka hordofsiisu kaa’uuf yaalaa!
Seensa
Bu’uuraan dirqamoonnii fi itti gaafatamummaawwan naamusni ogummaa gaafatu ogeessichi
ofumaan amanee fudhachuun hojiirra kan oolchu dha. Bu’a qabeessa ta’uus kan danda’an
ogeessichi ofumaan beekee hojiirra yoo oolche malee itti gaafatamummaan natti dhufa jedhee
sodaachuun yoo kabaje miti. Waan ta’eefuu, adda durummaan ogeessa irraa kan eegamu
naamusni ogummaan isaa gaafatu maal akka ta’e beekuuf yeroo hunda qophii ta’uu fi ofiisaas
maal akka fakkaatu naamusa ogummaa keessatti of ilaalaa yoo hojjete dha.
Kanas ta’u garuu, naamusni ogummaa yeroo hundayyuu ni kabajamu jechuu miti. Kanaafis
sababni naamusa ogummichi barbaadu:
sirriitti beekuu dhiisuu ykn
Beekuuf ciminaan hojjechuu dhiisuu ykn
Beekuuf fedhii dhabuu ykn
Osoo beekaniis waan naamusni barbaadamuun ala raawwachuu ta’uu danda’a.
Dirqamni naamusaa hin kabajamiin yoo hafu ykn yoo cabu galma ogummichi milkeessuuf yaade
osoo hin milkaa’iin hafa. Kana jechuun garuu, danbiiwwan naamusaa kabajuu dhabuun miidhaan
dhaqqabsiisu kana duwwaa dha jechuu miti. Kana bira darbee namoota biroo irrattis miidhaa
dhaqqabsiisuu danda’a. Haalli akkasii yoo mudatu itti gaafatamummaa fiduun isaa hin oolu. Itti
gaafatamummaan kunis kan yakkaa, kan siivilii, ykn kan bulchiinsaa ta’uu danda’a. Kutaa kana
keessattis isaan kanneen gaggabaabsinee ilaaluuf yaalla.
4.1. Itti Gaafatamummaa Yakkaa
124
Naamusni ogummaa cabuu isaatiin itti gaafatamummaan yakkaa kan dhufu sababa naamusni
ogummaa cabeen gochawwan yakkaa seeraan yakka jedhamanii tumaman cabanii yoo
argamanidha. Kana taanaan, abbaan seeraa ykn abbaan alangaa itti gaafatamummaa irraa eegamu
sababa bahuu dhabeef yakka raawwateera yoo ta’e bu’uura seera yakkaa keessa taa’ee jiruun
himatamee adabamuu danda’a jechuu dha.
Seera yakkaa bara 1996 bahe kutaa addaa, mata-duree sadeffaa yakkoota hojii mootummaa irratti
raawwataman jedhu, kutaa tokko, keewwata 407 irraa eegalee tumaaleen jiran fayyaalummaa fi
amanamummaa hir’isuun yakkoota hojjettootni mootummaa raawwatan tarreessu. Yakkoonni
kunis yakkoota malaammaltummaa yommuu ta’an kanneen keessaas muraasni warreen armaan
gadiiti.
Keewwata 407
Aangootti Gar-malee Fayyadamuu
Hojjetaan mootummaa kamiyyuu faayidaa hin malle ofiif argachuuf ykn nama biroof
argamsiisuuf ykn mirga nama biraa irratti miidhaa geessisuuf yaadee:
1. Aangoo kennameef gar-malee kan itti fayyadame yoo ta’e, ykn
2. Aangoo ifatti kennameef irra darbee kan hojjete yoo ta’e ykn
3. Dhimma aangoon isaa hin hayyamneef keessattuu aangoo malee hojjechuu ykn hojiirraa
dhorkamee osoo jiruu ykn hojiirraa jijjiiramee osoo jiruu hojjechuu ykn itti
gaafatamummaa isaa erga dhiisee booda kan hojjetu yoo ta’e akkuma haala isaatti
adabbii hidhaa waggaa tokkoo hanga waggaa digdamii shanii fi adabbii qarshii hanga
kuma dhibba tokkoo gahu adabama.
Keewwata 40
Matta’aa fudhachuu
Hojjetaan mootummaa kamiyyuu itti gaafatamummaa ykn dirqama hojii qabuun waan gochuu
hin qabne akka godhuuf; waan gochuu qabu ammoo akka hin gooneef kallattiinis ta’e alkallattiin
faayidaa dhuunfaa isaaf ykn nama biraaf kan gaafate ykn kan fudhate ykn jecha waadaa kan
seene yoo ta’e hanga waggaa digdamii shanii adabamuu danda’a.
125
Keewwata 409
Faayidaa Hin Malle Fudhachuu
Hojjetaan mootummaa kamiyyuu bu’uura itti gaafatamummaa qabuun hojii raawwachuu qabu
raawwachuuf jecha raawwiin dura ykn raawwiin booda faayidaan akka kennamuuf kan gaafate,
ykn jecha waadaa kan fudhate ykn faayidaa kan argate yoo ta’e adabbii hidhaa hanga waggaa
kudha shanii adabamuu danda’a
Keewwata 411
Hojii Mootummaa Akkaataa Sirrii Hin taaneen Gaggeessuu
Hojjetaan mootummaa kamiyyuu faayidaa hin malle argachuuf ykn argamsiisuuf yaadee aangoo
ykn itti gaafatamummaa isaa fayyadamee daldala ykn hojii biraa, bittaa ykn gurgurtaa, ykn hojii
hojjetuun walqabsiisee walitti dhufeenya hojii godhu kamiinuu faayidaa gosa kamiyyuu yoo
fudhate ykn waliigaltee faayidaa kana itti argatu yoo mallatteesse ykn tooftaa biraa yoo uume
adabbii hidhaa hanga waggaa digdamii shanii fi qarshii hanga kuma kudhanii gahu adabamuu
danda’a.
Keewwatuma kana keewwata-xiqqaa 4(a) jalatti tumaa armaan gadii arganna.
Namni yakka kana raawwate faayidaa argachuuf ykn argamsiisuuf yaada osoo hin qabaatiin
dhaabbata ofiisaa ykn firri isaa dhihoon ykn jaalalleen isaa abbaa aksiyoonaa ta’e ykn
hundeessaa ykn miseensa dhaabbataa gargaarsaa ta’ee fi waajjira inni hojjetu jidduu walitti
dhufeenyi hojii akka uumamu kan godhe yoo ta’e adabbii hidhaa cimaa waggoota shan hin
caalleen akka adabamu tumameera.
Keewwata 414
Aangoon Daldaluu
Hojjetaan mootummaa kamiyyuu sababa hojii qabuun dhageettii argateen ykn fakkeessee
dhiheessee dhageettii argateen:
1. Muudama, sadarkaa hojii, fi kkf qaama aangoo qabuun murtaa’ee kennamu;
2. Waliigaltee abbootii aangoo to’annoo ykn bulchiinsa isaa jala jiran waliin godhamu;
126
3. Akka waliigalaatti, faayidaa ykn murtii barbaachisaa bulchiinsa tokko irraa kennamu
nama biraaf argamsiisuuf kennaa ykn faayidaa biraa kan gaafate ykn kan fudhate adabbii
hidhaa cimaa hanga waggaa kudhanii gahu adabama jedha.
Keewwata 416
Sababa Malee Dhimma Lafarra Harkisuu
Hojjetaan mootummaa kamiyyuu sababa itti gaafatamummaa ykn hojii isaatiin dhimma
dhihaateef irratti nama dantaa qabu kamirraayyuu kallattiinis ta’e alkallattiin faayidaa argachuuf
garee dhimmicha irraa dantaa qabu fayyaduuf ykn miidhuuf jecha seeraan ykn danbii hojiin ykn
qajeelfamaan ykn hojimaata baratameen ala sababa gahaa malee kan hin murteessiin hafe ykn
kan tursiise ykn kan dhamaase yoo ta’e akkuma haala isaatti qarshiin ykn adabbii salphaan ykn
hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen adabama.
Keewwata 417
Waan Gatii Qabu Tokko Kaffaltii Malee Ykn Kaffaltii Gahaa Malee Argachuu
Hojjetaan mootummaa kamiyyuu sababa gahaa ta’e osoo hin qabaatiin kaffaltii malee ykn
kaffaltii gahaa malee waan gatii qabu kamiyyuu kan fudhate yoo ta’e hidhaa waggaa shan hin
caalleen adabama.
Yakkoonni malaammaltummaa kunniin raawwatamuu isaanii mirkaneessuuf haalota safuu
mirkaneessuuf tumaaleen ragaa kutuma kana keewwata 403 jalatti tumameera.
Ragaan faallaa ta’e yoo dhihaateen ala yakkoonni malaammaltummaa kan raawwataman
faayidaa hin malle argachuuf ykn argamsiisuuf ykn miidhuuf ta’uu kan tumame yoo ta’e
keewwaticha keessaa firiin dubbii (gochi) raawwatamuun isaa yoo mirkanaa’e, gochichi kan
raawwate faayidaa hin malle ofiif ykn nama biraaf ykn faayidaa garee sadeffaa miidhuuf
jedhamee tilmaamama jedha.
Dabalataanis, kutaalee seera yakkaa keessattis tumaaleen biroo rogummaa kan qaban yoo ta’u
gariin isaanii armaan gaditti agarsiifamaniiru.
Keewwata 423
127
Karaa Seeraan Alaatiin Nama Qabuu ykn Hidhuu
Hojjetaan mootummaa kamiyyuu akkaataa seera jiruun alatti adeemsaa fi of eeggannoo seeraa
osoo hin hordofiin nama biraa qabuun ykn hidhuun ykn karaa biraa kamiinuu bilisummaa kan
dhabsiise yoo ta’e hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caallee fi qarshiin adabama.
Keewwata 455
Dhiibbaa Gochuu fi Waliifgalchuu
Namni kamiyyuu kennaan, abdiin, sodaachisuun, dabaan ykn sossobbiin ykn dhageettii qabuun
waliifgalchuun ykn tooftaa biraan nama biraa qaama aangoo qabu duratti abbaa seerummaan ykn
adeemsa abbaa seerummaa fakkaatu irratti sobaan akka yakkamu ykn akka irratti ragamu ykn
gabaasa sobaa ykn hiikkaa sobaa ykn iyyata sobaa akka dhiheessu kan waliifgalche yoo ta’e
....hidhaa salphaan adabama.
Keewwata 397
Iccitii Hojii Baasuu
Hojjetaan mootummaa kamiyyuu sanada, odeeffannoo, ykn firii dubbii kamiyyuu iccitiin
eegamuu qabuu fi sababa hojiitiin beeke hojii ykn muudama erga gadhiisee boodallee taanaan ifa
yoo baase hidhaa salphaan ykn qarshiin adabama.
Yakkamaan dirqama iccitii addaa eeguu ykn amantaan kan irratti gatame ykn keessumaa
yakkichi miidhaa cimaa kan dhaqqabsiise yoo ta’e adabbii hidhaa cimaa waggaa kudhan hin
caalle adabsiisa.
Waan ta’eefuu, abbaa seeraas ta’e abbaan alangaa hojii isaanii keessatti naamusa ogummaa
isaanii yoo hir’isan tumaalee yakkaa olitti agarsiifaman kanaan itti gaafatamtoota yakkaa ta’u
jechuu dha.
4.2. Itti gaafatamummaa Siivilii
Itti gaafatamummaan biraa naamusa ogummaa cabsuun hordofsiisu itti gaafatamummaa siivilii
dha. Itti gaafatamummaa siivilii jechuun miidhaa dhaqqabsiiseef beenyaa kaffaluu, ykn gocha
miidhaa dhaqqabsiisu akka dhaabu gochuu ta’uu danda’a.
128
Kana ilaalchisee dirqama ogummaa gama kabachiisuutiin seera siivilii keessa tumaan itti
gaafatamummaa ibsu ni jira.
Seera siivilii keewwata 2031(1) jalatti tumaa armaan gadii argina. Ogummaa addaa qabuun
namni hojii tokko hojjetu ykn namni ogummaa kanaan hojii gaggeessu danbii naamusaa
ogummaan hojiisaa ittiin gaggeeffamu eeguu qaba.
Keewwatni-xiqqaa 2 ammoo bu’uura sirna ogummaa ykn dambii ogummaa ofiisaa hojjetuun
dirqama qabu bahuu dhabuun isaa yoo ibsamu of eeggannoo dhabuun ykn maaldhibdeedhaan
balleessaa ta’ee yoo argame itti gaafatamaa ta’a jedha.
Ogeessi tokko beekumsaa fi dandeettii barbaadamu kaka’umsa wajjiin qabaatee of eeggannoo fi
sirna ogeessonni kabajuu qaban kan kabaju ta’uu qaba.
Haa ta’u malee, keewwata 2138 jalatti hojii isaaniin walqabsiisee abbootii seeraa irratti himanni
itti gaafatamummaa dhihaachuu hin danda’u jedha. Haa ta’u malee keewwata 2139 jalatti
akkuma agarsiifame namoonni balleessitoota yakkaa jedhamanii murtii argatan itti
gaafatamummaa siiviliis qabu. Balleessummaan yakkaa dirqama kan ta’u garuu balleessichi
balleessaa hojii hojjetaniin walqabatu yoo ta’e qofa dha. Sanaan alatti itti gaafatamummaan
siivilii hin jiraatu.Waan ta’eefuu, murtaa’aas ta’u naamusa ogummaa cabsuun abbootii seeraa
irratti itti gaafatamummaa siivilii kan hordofsiisu akka ta’e hubachuun ni danda’ama.
Abbootii alangaa ilaalchisee garuu eegumsi abbootii seeraaf taa’e kun ifatti taa’ee hin jiru. Waan
ta’eefuu, abbootiin alangaa naamusa ogummaa cabsuun miidhaa namoota biroo irraan gahaniif
abbootii seeraa caalaa itti gaafatamummaa siivilii kan qaban ta’uu hubachuun ni danda’ama.
4.3. Itti Gaafatamummaa Bulchiinsaa
Abbootiin seeraa fi abbootiin alangaa hojjetoota mootummaa uummata tajaajilan waan ta’aniif
akkaataan hojii isaanii uummata biratti amanamummaa akka qabaatu eegama. Waan ta’eefuu,
abbootii seeraas ta’an abbootiin alangaa itti gaafatamummaa isaanii hir’isanii yoo argaman itti
gaafatamoo akka ta’an olitti ilaalleerra.
Abbootii seeraas ta’an abbootiin alangaa itti gaafatamummaa yakkaa fi siiviliin cinatti
ittigaafatamummaan qaban ittigaafatamummaa bulchiinsaati. Itti gaafatamummaan bulchiinsaa
129
kun ogeessichi akka ogeessatti waajjira hojjetu keessatti hojiisaa itti fufuu fi addaan kutuu
adeemsa itti murtaa’u dha. Kana keessatti, badiiwwan naamusaa abbaa seeraa ykn abbaa
alangaan raawwataman hojiirra osoo jiruu adabuu ykn hojiirraa gaggeessuu kan dabalatu dha.
Itti gaafatamummaa bulchiinsaa abbootii seeraa ilaalchisee heera mootummaa keewwata 79(4)
jalatti tumaa armaan gadii arganna.
Abbaan seeraa kamiyyuu yeroon sooramaa seeraan murtaa’ee jiru gahuun dura fedha isaatiin ala
abbaa seerummaa irraa ka’uu kan danda’u:
Gumiin Bulchiinsa Abbootii Seeraa bu’uura danbii naamusa abbootii seeraatiin badii
raawwateera ykn hanqina dandeettii fi si’oomina cimaa agarsiiseera jedhee yoo murteesse
ykn sababa dhukkubaatiin hojiisaa haala barbaachisuun hojjechuu hin danda’u jedhee yoo
murteesse; fi
Murtiin gumichaas Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa ykn Mana Maree Naannoo
dhimmi ilaallatutti dhihaatee sagalee walakkaa ol ta’een yoo ragga’e dha.
Kanuma bu’uureffachuun Gumiin Bulchiinsa Abbootii Seeraa sadarkaa federaalaa fi naannootti
kan hundaa’e yoo ta’u, dhimmi naamusa abbaa seeraas kan ilaalamu qaamotuma kanaanidha.
Haa ta’u malee, itti gaafatamummaan bulchiinsaa itti gaafatamummaa irraa kaasuu qofa miti.
Sadarkaa cimina badii raawwatameen osoo hojiirraa hin kaasiin tarkaanfiiwwan naamuusaa
giddu galeessa ta’an fudhatamuu danda’u. Federaala irrattis ta’e naannolee irratti himanni
naamusaa abbaa seeraa irratti yoo dhihaatu tarkaanfii akeekkachiisa afaanii jalqabee hanga
hojiirraa gaggeessuu gahu kan fudhatamu ta’uu danbii naamusaa tumu kan qaban yoo ta’u, gadi
fageenya isaa beekuufis tokkoo tokkoo danbiilee kanneenii ilaaluu barbaachisa.
Abbootii alangaa ilaalchisee waanti ifatti Heera mootummaa keessa taa’e jiraachuu baatus,
sadarkaa federaalaattis ta’e sadarkaa naannootti seeronni abbootii alangaa ilaallatan bahaa kan
jiran yoo ta’u, seeronni kunninis dhimma naamusa abbootii alangaa qaamni ilaalu gumiin
abbootii alangaa akka jiru ni tumu.48
Badiin naamusaa maali?
48
Danbiin Ittiin Bulmaata Abbootii Alangaa Federaalaas ta’e Naannoo Amaaraa haaluma walfakkaatuun kana ni agarsiisu.
130
Labsii gumii bulchiinsa abbootii seeraa federaalaa,labsii lakkoofsa 24/88 keessatti kan armaan
gadii tumamee argama:
“Badii naamusaa jechuun badii danbii naamusaa keessatti agarsiifame yoo ta’u yakkaan
himatamee balleessaa ta’uun isaa kan itti mirkanaa’e, matta’aa fi ammaalaajiin kan hojjetu,
sanyiin, amantaan, saalaa, fi ilaalcha siyaasaan loogii kan godhu ykn abbaa dhimmaa dhamaasuu
dabalata” jedha.
Danbiin naamusa manneen murtii federaalaa adda durummaan dirqamoota kaa’a malee
badiiwwan adabsiisan jechuun tokko tokkoon tarreessee hin kaa’u. Danbiiwwan naamusa
abbootii seeraa Amaaraa, Tigiraay, Oromiyaa fi Kibbaa garuu badiiwwan naamusaa warra
jedhaman tarreessanii booda adabbii isaa walumaan kaa’anii jiru.
Danbiiwwan naamusaa abbootii seeraa naannolee irratti badiiwwan naamusaa tarreeffamanii
taa’aniiru. Hedduminaan walfakkaatu waan taa’eef bifa waliigalaan akka armaan gadiitti
agarsiisuun ni danda’ama.
Beekumsa seeraa fooyyeeffachuuf fedhii dhabuu
Beellama baay’isuu
Adeemsa hojii mana murtii keessatti kabaja mana murtii eegsisuu dhabuu
Gareewwan walfalman to’achuu dhabuu
Obsaan dhaggeeffatanii dubbi fixachiisuu dadhabuu
Abbootii seeraa fi hojjettoota wajjiin waliigalanii hojjechuu dhabuu
Raawwii hojii hojjetootaa to’achuu dhabuu
Galmeewwan mana murtii keessatti jechoota jibbisiisoo fi safuu ta’an fayyadamuu
Naamusa gaarii dhabuu
Sa’atii hojii kabajuu dhabuu
Hojii abbaa seerummaa dantaa dhuunfaa wajjiin walitti buusuu
Ta’e jedhanii seera dabsuu ykn cabsuu
Iccitii eeguu dhabuu
Aangootti gar-malee gargaaramuu
Ammaalaajiin hojjechuu fi kkf jedhamuun ibsamanii jiru. Ta’us garuu, danbiiwwan
naamusaa federaalaas ta’e naannolee ilaaluun gaarii ta’a.
131
“Hanqina gahumsaa cimaa” ilaalchisee labsiin manneen murtii federaalaa yoo hiiku:
“Hanqina dandeettii hojii fi si’oominaa cimaa jechuun danbii naamusaa keessatti agarsiifamee
kan jiru yommuu ta’u, hojii abbaa seerummaa keessatti sadarkaa barnootaa, muuxannoo fi
dandeettii ogummichi gaafatuun gadi kan ta’e dogoggora seeraa fi firii dubbii kan raawwatu ykn
akka malee yeroo turtii falmii kan dheeressus ni dabalata” jedha.
Danbiin bulchiinsa abbootii alangaa federaalaas akkuma kan naannolee badiiwwan naamusaa
salphaa fi cimaa jechuun tarreessa.
Akka danbii abbootii alangaa federaalaatti badiiwwan adabsiisan:
Keewwata 75 Badiiwwan naamusaa
1. Kanneen armaan gadii badiiwwan naamusaa cimoo ta’anidha.
a. Matta’aa fudhachuu ykn akka kennamuuf gaafachuu
b. Faayidaa hin malle ofiif argachuuf ykn nama biraaf argamsiisuuf yaaduun
ammaalaajiin hojjechuu
c. Of ykn garee sadeffaa fayyaduuf jecha odeeffannoo barreeffamaan taa’ee jiru ta’e
jedhanii gara sobaatti jijjiiruu
d. Namoota hojiin walitti dhufeenya qaban irraa qarshii liqeeffachuu
e. Odeeffannoo ykn firii dubbii rogummaa qabu ta’e jedhanii ykn maaldhibdeedhaan
qaama ilaaluuf beeksisuu dhabuu ykn haala murtii dabsu uumuu
f. Sababa gahaa malee hojii tursiisuun abbaa dhimmaa dhamaasuu
g. Qoricha seeraan alaa sammuu namaa adoochu ykn araada nama qabsiisu fayyadamuu
h. Machaa’anii hojii irratti argamuu ykn ifatti nama keessatti mul’achuun naamusa
ogummaa fi kabaja mana hojii xiqqeessuu
i. Sababa gahaa malee ykn hayyama malee deddeebi’anii hojiirraa hafuu
j. Bakka hojiitti gocha hamilee fi amala gaariin faallaa ta’e raawwachuu
k. Ta’e jedhanii ykn maaldhibdee cimaadhaan qabeenyaa mana hojii irratti miidhaa
cimaa dhaqqabsiisuu
l. Badiiwwan cimoo biroo sadarkaa walfakkaataa irratti argaman
m. Ajaja ifaa fi seera qabeessa barreeffamaan ykn jechaan mana hojii ykn hoogganaa ol
aanaa irraa kenname fudhachuu ykn hojiirra oolchuu diduu
132
2. Kanneen armaan gadii badiiwwan naamusaa salphaa ta’anidha
a. Hojiirratti kaka’umsaa fi dhamaatii barbaachisu gochuu dhabuu
b. Miiltoowwan hojiin waliigalanii hojjechuu dhabuun adeemsa hojii irratti danqaa ta’uu
ykn
c. Deddeebi’uun liqeeffachuu
d. Badiiwwan sasalphoo biroo sadarkaa walfakkaataa irratti argaman raawwachuu
Adeemsa Himannaa Naamusaa
Biyya Itoophiyaa keessattis ta’e biyyoota biroo keessatti himatni naamusa abbootii seeraas ta’e
abbootii alangaa sirna adeemsa falmii idilee mana murtii kan hordofe dha. Haa ta’u malee sirni
himannaa dhimma naamusaa tokkoo tokkoon Mootummoolee Naannoo maal akka fakkaatu
danbiiwwan isaanii keessatti kan agarsiifame yoo ta’u kanuma hordofanii adeemuu barbaachisa.
Akka waliigalaatti garuu, sirna waliigalaa fi walfakkaataa ta’e kan hordofan ta’uu hubachuun ni
danda’ama.
1. Himata eegaluuf iyyanni nama kamiinuu ykn miseensota gumiin ykn gumichuima mataa
isaatiin ta’uu akka danda’u danbiin naamusa abbootii seeraa federaalaa keewwati 5 ni
tuma. Danbiin naamusa abbootii seeraa naannoo Amaaraa fi naannoo kibbaas adeemsa
walfakkaataa ta’e qaba.
2. Gumiin himanni naamusaa dhihaate qulqullaa’uu qaba jedhee yoo murteesse gara
tajaajila sakatta’aa murtiitti (inispekteraatti) qajeelcha. Dhimmoonni iyyanni irratti
dhihaatan hundi himachiisuu kan danda’ani dhamoo miti kan jedhu ni ilaalama. Himata
banuun barbaachisaa ta’ee kan hin argamne yoo ta’es sababa maaliif akka ta’e nama
iyyata dhiheesseef barreeffamaan ni beeksisa.
3. Naannoo Amaaraatti hir’inni naamusaa hanqina raawwii murtii, ajaja, jalmurtii, ykn seera
adeemsaa kan ilaallatu yoo ta’u kan qulqullaa’us karaa sakatta’aa murtii (inispekteraa)
akka ta’e agarsiifameera. Kanaan ala kan jiru gumichaan kan moggaafamu Gumii
qulqulleessituun akka ta’e taa’ee jira.
4. Sakatta’aan Murtii (Inispekterri) erga qulqulleessee booda kan himachiisu ta’ee yoo
argame himatamaan deebii akka itti kennu xalayaan waamichaa ni ergamaafi.
133
5. Yeroo qorannaan gaggeeffamutti sababni gahaa himachiisu kan hin jirre yoo ta’e abbaan
seeraa sun deebii akka itti kennu hin godhamu. Kan abbaa alangaas akkasuma.
6. Itti aansuun, himatamaan yeroo gahaa fudhatee deebii akka kennu ni godhama.
7. Dhimmicha irratti murtiin ni kennama.
8. Adeemsi isaa iccitii kan eegamu ta’ee tura. Danbiin naamusa abbootii seeraa federaalaa
keewwati 12 gumiin dhimma naamusaa yoo hayyameen alatti adeemsi himannaa fi falmii
naamusaa iccitiin kan eegamu ta’a. Yeroo murtii argatetti garuu gumiin ajaja addaa yoo
kenneen alatti sanada uummataa ta’ee kan gargaaru ta’uu keewwati kun ni tuma.
9. Abbaan seeraa ykn abbaan alangaa hojiirraa dhorkamee turuu danda’a. Kan dhorkamanis
abbootii seeraaf guyyoota 60; abbootii alangaaf ammoo guyyoota 45f dha.49 Danbiin
naamusa abbootii seeraa federaalaa keewwati 8 abbaa seeraa himanni badii naamusaa
cimaa ta’e raawwateera jedhamee iyyanni irratti dhihaate tokko hanga dhimmichi
qulqullaa’ee murtiin dhumaa itti kennamutti hojiirraa ykn mindaarraa dhorkamee akka
turu gumiin ajajuu akka danda’u ni tuma. Yeroon turtii dhorka hojii fi mindaa kun yoo
baayyate ji’a lama caaluu hin qabu jedha. Dhuma irrattis, abbaan seeraa dhorkame kun
badii ittiin himatame irraa bilisa yoo ta’e mindaan isaa akka gadhiifamuuf tumamee jira.
10. Himatni kan hundaa’u yeroo adda bahee taa’e keessatti dha. Haaluma kanaan, abbootii
seeraaf waggaa tokko; abbootii alangaaf badii salphaaf ji’a jaha;badii cimaaf ammoo
waggaa tokko keessatti dhihaachuu qaba.
11. Murtiin gumii bulchiinsa abbootii seeraatiin kennamu hojiirraa gaggeessuu yoo ta’een
alatti isa dhumaa fi ol’iyyata kan hin qabne dha. Haa ta’u malee, murtiin abbootii alangaa
irratti ol’iyyatamuu danda’a. Sadarkaa federaalaatti murtii gumii bulchiinsa abbootii
alangaan kennamu irratti ministeera haqaatti ol iyyatamuu danda’a. Akka danbii naamusa
naannoo Amaaraattis gareen dogoggorri bu’uuraa seeraa jira jedhu mana murtii
waliigalaatti ol’ iyyannoo dhiheeffachuu danda’a.
Biyyootni tokko tokko murtii kennan irratti badii naamusaa cimaa raawwachuun bulchiinsa
sirna haqaa gar-malee kan hubu yoo ta’e gara fuula duraatti gorsa seeraa fi tajaajila
abukaattummaa kamittuu akka hin hirmaanne hojimaata ittiin ittisan diriirsanii qabu. Haa ta’u
49
Danbiiwwan naamusaa federaalaa fi naannolee ilaalaa.
134
malee, hojimaati akkasii kun biyya keenya keessatti diriiree hin jiru. Barbaachisaa ta’uu fi
dhiisuu isaas gara fuula duraatti kan ilaallu ta’a.
Gaaffilee Marii
1. Abbaan seeraa ykn abbaan alangaa aangoo isaa gar-malee fayyadameera himanni yakkaa
jedhu irratti yoo dhihaatu, kutaan gochaa (the moral element) jiraachuun isaa yoo
mirkanaa’e kutaan sammuu (the mental element) akka guutetti akka lakkaa’amu seera
yakkaa keewwata 404 jalatti tumameera. Jiraachuun tumaa kanaa abbaa seeraas ta’e
abbaan alangaa hojii isaaanii bilisummaan akka hin hojjenne kan godhu dha falmiin
jedhu ni ka’a. Irratti mari’adhaa!
2. Abbaan seeraa itti gaafatamummaa siivilii kan qabaatu yakkaan himatamee balleessaa
yoo ta’e qofa akka ta’e tumaan seera hariiroo hawaasaa ni agarsiisa. Haa ta’u malee,
eegumsi akkasii kun abbaa alangaa irratti raawwatinsa hin qabaatu. Barbaachisummaa
garaagarummaa kanaa irratti marihadhaa!
3. Haalli abbaan seeraa hojii abbaa seerummaa irraa itti ka’u keessaa tokko hanqina
dandeettii fi si’oominaa ol aanaa yoo agarsiise akka ta’e Heera mootummaa irratti
tumameera. Abbaa seeraa rakkoo akkasii qabu kana maaliin beekuun danda’ama?
Fakkeenyota kanaaf ta’an kaasuun mari’adhaa!
Wabiiwwan
1. Vincent Barry, Philosophy A Text with Reading (2nd, 1983).
2. Robert H.Aronson and Donald T.Weckstein, Professional Responsibility in A Nut Shell
(2nd,1991)
3. A.G. Griffith,The Politics of the Judiciary,3rd ed.,1985
4. Paul Mageean,Belfast,The Role and Independence of Prosecutors,Northern Ireland 17th
May 2005,Cairo
5. Transparency International,Global Corruption Report 2007
6. UN Banglore Principles of Judicial Conduct,2006
135
7. The Judicial Integrity Group,Commentary on the Banglore Principles of Judicial
Conduct,2007
8. International Association of Judges, The Universal Charter of the Judge, 1999.
9. Canadian Guide to Judicial Conduct.
10. International Association of Prosecutors, Standards of professional Responsibility and
Statement of the Essential Duties and Rights of Prosecutors, April 1999.
11. Un Guidelines on the Role of Prosecutors,1990
12. UN Code of Conduct for Law Enforcement Officials, 1979.
13. The Code for Crown Prosecutors, 2004/www. Cps.gov.uk (internet document)
14. Code of Conduct for Crown Prosecutors:November 28,2006
15. Code of Conduct of the Bar of the Hong Kong Special Administrative Region Adopted
by the Bar Council on 20th November,1997 Effecive from Ma,1998 (Updated as of 5
March 2009)
16. The Ethics of Prosecution,Avrom Sherr
17. Heera Mootummaa RDFI
18. Labsii Manneen Murtii Federaalaa Hundeessuuf Bahe,Lab. Lak.24/88 (akka fooyyaa’etti)
19. Danbii Naamusa Abbootii Seeraa Federaalaa
20. Danbii Ittiin Bulmaata Abbootii Alangaa Federaalaa
21. Danbii Naamusa Abbootii Seeraa Naannoo Amaaraa
22. Danbii Naamusa Abbootii Seeraa Saboota,Sablammootaa fi Uummattoota Kibbaa
23. Danbii Ittiin Bulmaata Abbootii Alangaa Naannoo Amaaraa
24. Negaarit Gaazzexaa Federaalaa,Waggaa 6ffaa,Lak.,Danbii Naamusa Abukaattota
Manneen Murtii Federaalaa,Danbii Mana Maree Ministeerotaa Lak.57/1992
136
25. Mana Murtii Waliigala Federaalaa, RDFI tti, Maanuwaalii Leenjii Naamusa Manneen
Murtii Federaalaa,1999,Finfinnee
26. F.Stsk,Maalummaa Naamusa Ogummaa (kan hin maxxanfamiin)
27. Sanada Sagataa-xiqqaa Fooyyaa’insa Naamusaa, Lak.2.
top related