maanuwaalii deeggarsa ogummaa barsiistota afaan …pdf.usaid.gov/pdf_docs/pa00mv83.pdf ·...

94
Ministry of Educaon MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Upload: nguyentruc

Post on 01-Feb-2018

5.197 views

Category:

Documents


389 download

TRANSCRIPT

Page 1: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Ministry of Education

MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN

BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E

Itoophiyaa 2015

Page 2: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Pirojektii READ TA

Pirojektiin kun ALA Onkoloolessa bara 2012 eegale. Pirojektichi waggaa shaniif kan turu yoo ta’u, gar- gaarsa teeknikaan dandeettii ga’umsa dubbisuu Itoophiyaa cimsuuf yaadamee, raawwii dubbisuufi barreessuu barattoota sad. 1ffaa 15,000,000 ta’anii fooyyeessuuf kan qophaa’edha. Kunis afaanota dhalootaa Itoophiyaa keessaa torba (Afaan Amaaraa, Afaan Oromoo, Sidaamaa Afoo, Afsomaalee, Afaan Tigiree, Walayittaatoofi Hadiyyisaa) akkasumas Afaan Ingilizii dabalatee akka hojirra ooluuf kan wixinamedha.

Pirojektii READ-TA kan hojiirra oolchan dhaabbata RTI (Research Triangle Institute)fi Dhimmam-

tootasaa, Save the Children, INVENEO, Florida State University, (FSU), SIL LEAD, WHIZ KIDs Workshopfi Africa Development Corps jedhamanidha.

Deeggarsa Teeknikaa Dandeettii Dubbisuu Itoophiyaa Cimsuu Lakkoofsa Waliigaltee Marabbaa: AID-663-A-12-00013

Page 3: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Reading for Ethiopia’s Achievement Developed

Technical Assistance (READ TA)

Cooperative Agreement No.: AID-663-A-12-00013

Maanuwaalii Deeggarsa Ogummaa Barsiistota Afaan Oromoo Manneen Barnootaa Sadarkaa

Tokkoffaaf Qophaa’e

Itoophiyaa 2015

Itti Gaafatamummaa: Maanuwaaliin kun deeggarsa Dhaabbata Misoomaa Idil-Addunyaa Yuunaaytid Isteetisi (USAID) karaa piroojektii READ TA Itoophiyaatiin Lakk. Waliigaltee marabbaa AID-663-A-12-0013 irratti hundaa’ee kan qophaa’edha. Maanuwaaliin kun dhaabbilee READ TA/SCI, fi Ministeera Barnootaatin qophaa’ee, USAIDtiin keessa deebi’amee akka ilaalamuuf kan dhiyaatedha. Haata’u malee, yaadni barreessitootaa maxxansa kana keessatti ibsame yaada USAID ykn Mootummaa Ameerikaa kan calaqqisiisu ta’uu dhiisuu nimala.

Page 4: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Gabaajeewwan

HO Hojiirra Oolchuu

D Deeggaruu

J Jalqabuu

HADh Hojiin Agarsiisuu Dhiisuu

HKH Hojiirra Kan Hinoolle

DOW Dagaagina Ogummaa Walitti fufaa

MDKJ Madaallii Dubbisuu Kutaalee Jalqabaa

EGRA Early Grade Reading Assessment

READ TA Reading for Ethiopia’s Achievement

Developed Technical Assistance

Page 5: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

i

Galata

Maanuwaalii deeggarsa ogummaa barsiistotaa Afaan Oromoo manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa kun garee oggeeyyii Ministeera Barnootaa, Biiroo Barnootaa, Dhaabbilee RTI fi Save the Children waliin walitti dhufamee kan qophaa’edha.

Hojiin kun gorsitootaafi ispeeshalistoota dubbisuufi barreessuu Afaan Oromoo manneen barnoota sadarkaa tokkoffaa, ogeeyyii Afaan Oromoofi ogeeyyii leenjii hojiirraa kan ofkeessatti hammatedha. Qophii maanuwaalii deeggarsa ogummaa barsiisummaa kanaaf deeggarsa maallaqaa kan gumaache Dhaabbata USAID Ethiopia yoo ta’u, deeggarsa teekinikaafi tumsa kan taasisan immoo Ministeera Barnootaa, Biiroo Barnoota Oromiyaafi Dhaabbata READ TA dha.

Ogeeyyiin gareen hojjetan kun maanuwaalii deeggarsa ogummaa barsiisummaa manneen barnoota sadarkaa tokkoffaa keessattii barsiistota afaan oromoo barsiisaa jiraniif akka wabeeffannaatti gargaaruuf kan qophaa’edha. Hirmaattotni qophii kanaa hundi beekumsaafi dandeettii isaanii barsiistota afaan oromoo manneen barnoota sadarkaa tokkoffaa itti fufiinsaan akka cimsataa deemaniif gumaacha guddaa waan taasisaniif galata guddaa qabu.

Page 6: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Qopheessitootaafi Madaqsitoota Maanuwaalii Deeggarsa Ogummaa Barsiistota Afaan Oromoo Manneen Barnoota Sadarkaa Tokkoffaa Qopheessan

Abarraa Laaqawu - Ministeera Barnootaatti, Daayiraktoreetii Misooma Afaan

Dhalootaafi Afaan Ingilizii

Musxafaa Ayyalaa - Ministeera Barnootaatti Ogeessa Barnoota Afaan Oromoo

Amsaaluu Dabaloo – Biiroo Barnoota Oromiyaatti, Ogeessa Leenjii Barsiistotaa

Mulugeetaa Dheeressaa - Qindeessaa Leenjii Barsiistotaa ‘Save the

Children/READ TA’ Oromiyaa

Damee Ginbaar – ‘Save the children/READ TA’ Oromiyaa, Gaggeessaa Leenjii

Naannoo Oromiyaa

Miiliyoon Morkii – ‘Save the children/READ TA’ Oromiyaa, Gaggeessaa Leenjii

Naannoo Oromiyaa

Margaa Dabaloo - READ-TAtti Ispeeshaalistii Dubbisuufi Sirna Barnootaa

Naannoo Oromiyaa

Geetaachoo Asaffaa - Ispeeshaalistii Imaammataafi Ijaarsa Dandeettii READ TA

Oromiyaa

Girmaa Guddataa - Barsiisaa Kolleejjii Barnoota Barsiistotaa Fiichee

Kadir Bulloo - Barsiisaa Kolleejjii Barnoota Barsiistota Bulee Horaa

Page 7: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

i

Baafata

Fuula

BOQONNAA I

1. Seensa 1 1

1.1 Seen-duuba 1

1.2 Barbaachisummaa Maanuwaalichaa 1

1.3 Kaayyoo Maanuwaalichaa 2

1.4 Xiyyeeffannoo Maanuwaalichaa 3

1.5 Maanuwaaliin Kun Eenyuuf Qophaa’e? 3

BOQONNAA II

2. Maalummaa Deeggarsa Ogummaa Barsiisummaa 4

2.1 Deeggarsa Ogummaa Barsiisummaa: Akka Dagaagina Ogummaa Walittifufaa Barsiistotaatti 4

2.2 Kaayyooleefi Bu’aalee Deeggarsa Ogummaa Barsiisummaa Barsiistota Afaan Dhalootaa 7

2.3 Qajeeltoowwan Deeggasa Ogummaa Barsiistota Afaan Dhalootaa 8

2.4 Marsaa Deeggarsa Ogummaa Barsiistota Afaan Dhalootaa 10

BOQONNAA III

3. Adeemsa Deeggarsa Ogummaa Barsiistota Afaan Dhalootaa 11

3.1 Amaloota Ijoo Sirna Barnoota Haaraa Afaan Dhalootaa Mana Barumsaa 11

Sadarkaa Tokkoffaa Hubachuu

3.1.1 Waa’ee meeshaalee sirna haaraa barnootaa afaan dhalootaa manneen barnoota 12

sadarkaa tokkoffaaf qophaahanii

3.1.2 Qindaa’ina Qabiyyeewwaniifi Barannoowwan Meeshaalee Sirna Barnoota 13

Haaraa Barnootaa sadarkaa Tokkoffaa

3.1.3 Baruufi Barsiisuu Kallattii 18

3.1.4 Caacculeefi Tooftaalee Baruufi Barsiisuu Gahumsaan Dubbisuu 20

3.1.4.1 Hubannoo Sagalee Dubbii Barsiisuu 21

3.1.4.2 Hubannoo Walitti Dhufeenya Qubeefi Sagalee Barsiisuu 23

3.1.4.3 Gahumsaan Dubbisuu Barsiisuu 25

3.1.4.4 Fayydama Jechootaa Barsiisuu 27

3.1.4.5 Barreessuu Barsiisuu 27 3.1.4.6 Hubannoo Dubbisuu Barsiisuu 293.1.4.7 Dhag-dubbii (Dubbachuufi Dhaggeeffachuu) Barsiisuu 31

Page 8: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

ii

3.1.4.8 Caasluga Barsiisuu 34

3.1.5 Baruufi Barsiisuu Daree Barnootaa Koornayaa Giddugaleeffata 35

3.1.6 Daree Hundammatoo Keessatti Tooftaalee Barsiisuu 36

3.2 Gargaarsa Deeggarsa Ogummaa Afaan Dhalootaa 38

3.2.1 Fedhiiwwan Deeggarsa Ogummaa Adda Baasuu 38

3.2.2 Gargaarsa Deeggarsa Ogummaa Afaan Dhalootaaf Karoorsuu 44

3.2.3 Hojiiwwan Deeggarsaa Barsiisota Deeggartoota Afaan Dhalootaatiif 47

3.2.3.1 Barannoo Daawwachuu 47

3.2.3.2 Yaaddeebii Sirreessaa Kennuu 47

3.2.3.3 Barannoo Moodeleessuu 56

3.2.3.4 Fooyya’iinsa Deeggaramtootaa Madaaluu 59

3.2.3.5 Deeggaramtoonni Waan Yaadan Calaqqeen Akka Dhiheessan Kakaasuu 62

3.2.3.6 Dandeettiiwwan Haala Mijeessuu Leenjisuu 63

3.2.4 Sagantaa Deeggarsa Ogummaa Barsiisummaa Gabaasuu 67

Wabiilee 68

Dabalee I

Deeggaramtoota Waliin Gabaasa Qindeessuu 69

Dabalee II

Wixinee Daawwannoo Barannoo Afaan Dhalootaa (Kutaa 1-4) 72

Dabalee III

Qiyyeeffannoo Daawwannoo Barannoo Afaan Dhalootaa (Kutaa 5-8) 79

Dabalee IV

Poortifooliyoo Ogummaa Qopheessuu 85

Page 9: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

1

BOQONNAA I

1. Seensa1.1. Seen-duuba

Bara 2000 irraa eegalee Itoophiyaan Madaalliiwwan Barnootaa Biyyoolessaa (Marsaawwan afuriin) gaggessaa jirti. Bara 2010tti immoo Madaalliin Dubbisuu Kutaalee Jalqabaa (MDKJ/EGRA) gaggeeffamee ture.Madaalliiwwan barnootaa hundi raawwiin barattoota Itophiyaa quubsaa akka hin taane agarsiisu. Fakkeenyaaf, akka Madaallii Dubbisu Kutaaalee Jalqabaa (MDKJ/EGRA) keessatti mul’atetti barattoonni kutaa 2 fi 3 madaallii kanaan sakatta’aman irraa caalaan isaanii jecha tokkollee afaan dhalootaa isaaniitiin dubbisuu kan hindandeenye ta’uun mirkanaa’ee jira.

Dagaaginni dandeettiiwwan dubbisuufi barreessuu barnoota afaaniis ta’e gosa barnoota biroo barachuuf, akkasumas milkaa’ina barnoota waliigalaatiif bu’uura ta’aniyyuu, argannoon MDKJ qaanessaa ykn naasisaa ture.Gareen ogeeyyii biyya keessaafi biyya alaa silabasii afaan dhalootaa kanaan dura ture xiinxaluun Itoophiyaan dubbbisuu fi barreessu kallattii ifa ta’een barsiisurratti hanqina akka qabdu adda baasee jira. Ministeerri Barnootaa (deeggartoota misoomaa wajjin) haala sodaachisaa kana hubachuun pirojektiiwwan READ akka hundeeffamu taasise. Isaan keessaa pirojektiin READ TA isa tokkodha.

READ TA (Reading for Ethiopia’s Achivement Develped-Technical Assistance): pirojektiin kun manneen baruumsaa Itoophiyaa keessatti afaan dhalootaatiin dubbbisuufi barreessu barsiisuu fooyyessuuf, deeggarsa ogummaa Ministeera Barnootaa fi Biiroo Barnoootaa Naannooleef deeggarsa kennuuf kan dhaabbatedha. Pirojektiin kun hojii isaa kan eegale, deeggarsa fooyyessuu silabasii afaan dhalootaa biyyoolessaa taasisudhaani. Itti aansuunis, kitaabilee barannoo afaan dhalootaa kutaa 1-8 (kitaabilee barattootaa fi Qajeelchawwan barsiistotaa) afaanota torbaan marsaa lamaan jalqabaa kutaa 1-4 fi itti aansuun kutaa 5-8 akka fooyya’an deeggaree jira.Hojiin pirojektii READ TA caacculee leenjii barsiistotaa hojiin duraafi hojii irraa akkaataa ittiin deeggaramuu qaban waliin adda baasuun of keessatti hammata.Haaluma kanaan, barsiistonni kutaa 1-4 hojii barsiisuurra jiran kitaabilee barannoo afaan dhalootaatiin fooyya’anii bifa haaraatiiin qophaa’an irrratti guyyoota kudhaniif leenji’anii jiru. Kunis, jalqaba bara barnootaa 2007irraa eegalee hojiirra akka oolu ta’ee jira. Haata’u malee, hojiirra oolmaa isaa ammaaf bal’inaan ilaaluuf yeroon isaa jalqabarra ta’us, wanti dhugaa ta’e tokko ni jira. Innis, maleenyi afaan dhalootaa fooyya’e kun kan barsiistonni kanaan dura itti fayyadamaa turan irraa haaraadha. Kanaafuu, barsiisota rakkisu danda’a. Kunis, qorannoo ka’umsaa gabaabaa barannoo kitaabilee kutaa 1-4 fi 5-8 irratti adeemsifamerraa hubatamee jira.

Yoo haalli kun dhugaa ta’e, deeggaarsi ogummaa barsiisummaa walitti fufaa ta’e (leenjii jalqabarratti kennamuun alatti) kennuun dirqama ta’a. Maanuwaaliin kunis, dhimma kana giddugaleeffachuun qophaa’ee jira.

1.2. Barbaachisummaa Maanuwaalichaa

Haalonni maanuwaaliin deeggarsa ogummaa barsiisummaa barsiisota afaan dhaloootaa kun akka

Page 10: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

2

qophaa’u taasisan:

a) Sakatta’insa si’ataa READ TAn Waxabajjii 2007 manneen barumsaa dhiheenya irra jiran irrattii gaggeesse akka agarsiisutti, deeggarsi ogummaa barsiisummaa barsiistotaa sirna barnootaa haaraa afaan dhalootaa hojiirra oolchuuf taasifamu quubsaa miti. Kunis, ogeeyyiin barnootaa kanaan dura karaa al-idilee ta’een, deeggarsa ogummaa barsiisummaa barsiistota sadarkaa jalqabaaf ta’u gahaa akka hinturre kan dubbatamaa turan waliin wal simee jira. Barsiisonni yoo itti dhiheenyaan deeggarsa ogummaa hin arganne, gahumsaan jijjiirama hojiirra oolchuu hin danda’an.

b) Itoophiyaan oggeeyyii kenna deeggarsa oggummaa wiirtuu gurmuu manneen baruumsaa shan of keesatti qabatu barsiistota deeggaruudhaaf ramadaman haa qabaattuyyu malee, ramaddiin deeggartootaa kunneen gosa barnootaa irratti kan xiyyeeffatamee miti. Ogeeyyiin kunneenis achitti kan ramadamaniif mala baruu fi barsiisuuu waliigalaarratti akka deeggarsa kennanidha. Haata’u malee, kitaabileen barannoo haarawaa kallattiidhaan dubbisuufi barreessuu barsiisuurratti xiyyeeffatan kunneen immoo deegggarsa waliigalaa kanaan galma hin ga’an.Kanaafuu, oggeeyyiin kenna deeggarsa oggummaa kunneen bariisota afaan dhalootaa gargaaruudhaaf, maanuwaalii sadarkaa sadarkaan qajeelchuuf gargaaru qabaachuu qabu.

c) Manneen barnuumsaa Itoopiyaa keessatti barsiistonni yeroo yerootti iddoo tokkorraa gara iddoo biraatti sochii taasisuun rakkoo qabatamaan jirudha. Barsiistonni mana barumsaa tokko gara mana barumsaa biraatti jijjiiramuu, hojii barnootaarratti ramadamuu, sadarkaa

barnootaa isaanii fooyyeffachuun kutaalee olaanootti jijjiiramuu yookaan ogummaa barsiisummaa gadhiisuudha.

Kanaaf, sababa barsiistonni yeroo adda addaatti ogummaa barsiisummaa gadhiisaniif giddugaleessummaan leenjisuun rakkisaadha.

Dabalataanis, waajjiraaleen barnoota aanaa aangoo kennameefiin barsiistota isaanii deeggaruun ogummaa isaanii dagaagsuuf ittigaafatamummaa niqabu. Kanaafuu, adeemsa deeggarsa ogummaa barsiistota aanaa isaanii kennuu keessatti maanuwaalii kana qabaachuun baay’ee barbachisaadha.

1.3 Kaayyoo Maanuwaalichaa

Kaayyoon waliigalaa maanuwaalii deegarsa ogummaa barsiisummaa kanaa, deeggartoonni adeemsa deeggarsa ogummaa barsiistota afaan dhalootaa barsiisaniif kennuu kessatti qajeelcha barbaachisuu dhiheesuudha.

Dabalataanis, kaayooleen gooree maanuwalichaa:

1. Barsiisonni mana barumsaa sadarkaa jalqabaa afaan dhalootaa akka deeggartootaafi deegaramtootaatti gaheewwanii fi hariiroowwan waliin qaban ibsuudha.

2. Haala qabatmaa mana barumsaa irratti hundaa’uun aadaa gamtoominaan barachuu uumuun dandeetti barsiistota afaan dhalootaa fooyyesuudha.

3. Ogummaa barsiisummaa barsiistota afaan dhalootaa sadarkaa mana barumsaatti gabbisuudha.

Page 11: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

3

4. Deeggarsa ogummaa barsiisummaa barsiistota afaan dhalootaa irratti hubanna ifa ta’e sadarkaa mana barumsaatti uumuudha.

5. Haala itti fayyadama kitaaba barannoo haaraa irratti oftti amantaa bariistota afaan dhalootaa dabalauudha.

6. Haala walfakkaataa ta’een hojiirra oolmaa kitaabilee barnootaa haaraa mirkaneessudha.

7. Barsiisonni afaan dhalootaa galmagahinsa bu’aa barattootaa akka fooyyessan taasisuudha.

1.4. Xiyyeeffannoo Maanuwaalichaa

Akka waliigalaatti, maanuwaaliin kun haala qabatamaa manneen barumsaa biyya keenyaa keessatti karaa walirraa barachuu, daawwannaa gareefii waliin dubbiitiin haala mijeessuuf gargaara. Maanuwaalichi kenninsa deeggarsa ogummaa barsiisummaa qajeelchuun kan shaakalsiisu ta’ee, wantoota akka dhimmoota yaadiddamaawaa, tooftaalee qabatamoo fi unkaalee hojii deeggartoota ogummaa barsiisummaa qajeelchan of keessatti qabata. Maanuwaaliin kun boqonnaalee sadiin kan qindaa’edha.

Boqonnaan 1ffaa, wa’ee barbaachisummaa, kaayyoowwanii fi itti fayyadamtoota maanuwaalii afaan dhalootaa deegarsa ogummaa barsiisummaa ibsa. Boqonnaan 2ffaa, maalummaa deeggarsa ogummaa (maal akka ta’ee fi maal akka hintaane, qajeeltoowwaniifi raawwii deeggarsa ogummaa barsiisummaa) kan ilaallatu yoo ta’u, boqonnaan 3ffaa immoo ibsa haala sirna banoota haaraa afaan dhalootaafi dandeettiiwwaan qabatamoo kenninsa deegarsa ogummaa barsiistota afaan dhalootaaf barbaachisan kan of keessatti hammatedha. Boqonnaan kunis, amaloota hojii ogummaa maanuwaalichaa keessatti tuqaman of eeggannoon hubannaa keessa galchuun qindaa’e.Kunis, yaada bu’uuraa deeggarsa ogummaatiin jalqabee akkamitti sadarkaa sadarkaan hojiirra oolmu hammatee jira. Haaluma kanaan, tokkoon tokkoon qabiyyee xixiqqaa jalatti unkaaleen barbaachisoon kennamanii jiru.

1.5. Maanuwaaliin Kun Eenyuuf Qophaa’e?

Afaan dhalootaa barsiisuu keessatti deeggartoonniifi deeggaramtoonni maanuwaalichatti olaantummaan nifayyadamanu. Dabalataanis, dura taa’aa/ ittaanaan mana barumsaa, supparvaayizaroonni wiirtuu, hoji-raawwattoonni waajjira Barnoota Aanaa, hoji-raawwattootni Misooma Barsiisotaa fi ogeeyyiin Afaan Dhalootaa sadarkaa Godinaa fi Naannoo irra jiran hundi fayyadamtoota maanuwaalii kanaati. Akkasumas, Yuunivarsitoonnii fi Koolleejjotni Leenjii barsiistotaa raawwii ogummaa isaanii keessatti maanuwaalii kana fayyadamuun isaanii barbaachisaadha.

Kanaafuu, maanuwaalichi olaantummaan deeggartoota afaan dhalootaaf akka qajeelchaatti haa qophaa’u malee, bu’uura wabii lenjii deeggartootaa, qorannoo gochaa sadarkaa mana barumsaatti gaggeeffamuufi kitaaba wabii dagaagina ogummaa walitti fufaa barsiistotaa ta’uun nifayyada.

Page 12: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

4

BOQONNAA II

2. Maalummaa Deeggarsa Ogummaa Barsiisummaa

Kaayyoon boqonnaa kanaa inni guddaan waa’ee deeggarsa ogummaa barsiisummaa ifa gochuun itti fayyadamtoonni gaheefi ittgaafatamumaa deeggarsa ogummaa barsiisummaa afaan dhalootaa irratti qaban ilaalchisee yaada ifa ta’e kennuudha. Akkasumas, deeggartoonni adeemsa kenninsa deeggarsa ogummaa keessatti rakkoon yoo isaan qunname hubannoo gahaa qabaachuun furmaata kennuuf nigargaara.

Boqonnaan kun qabiyyeewwan adda addaa afur of keessatti hammatee jira. Isaanis:

• Yaad-rimee deeggarsa ogummaa barsiisummaa akka qaama dagaagina deeggarsa ogummaa walitti fufaa barsiisotaatti;

• Kaayyoo fi faayidaa deeggarsa ogummaa barsiisummaa barsiisota afaan dhalootaa;

• Qajeeltoowwan deeggarsa ogummaa barsiisummaa barsiisota afaan dhalootaa;

• Marsaa deeggarsa ogummaa barsiisummaa barsiisota afaan dhalootaa.

2.1 Deeggarsa Ogummaa Barsiisummaa: Akka Dagaagina ogummaa Walittifufaa Barsiistotaatti

Fooyya’insi amala qabatamaa hojii barsiisotaa keessatti beekamuudha. Kunis, beekumsaafi maddawwan beekumsaa; barattootaa, fedhii fi hariiroo barattootaa; jijjiirama imaammatichaa yeroo gara yerootti dhufu ta’uu nidanda’a. Jijjiiramoonni akkanaa kunneenis, seenaa dhala namaa keessatti yeroo kamiyyuu caala yeroo kana bal’inaan kan mul’atudha.

Barsiistonni carraa dagaagina ogummaa walitti fufaa malee jijjirama kana waliin deemuun ogummaa isaanii kessa turuun bay’ee isaan rakkisa. Kanaafis, dagaaginni deeggarsa ogummaa walitti fufaa qaama ogummaa barsiisummaa ta’ee akka jiraatuuf barbaachisaa ta’ee dhufe.Bal’innaan yoo hubatamu, dagaaginni deeggarsa ogummaa walitti fufaa kan ofkeessatti hammatu barnootaafi barachuu (ofiin ofqajeelchuu fi muuxannoo barachuu idilaawaa fi al-idilaawaa) kan barsiisonni jireenya isaanii guutuu keessatti hirmaataniidha. Dagaaginni kanneen barataman hunda (karaa kamiinuu) of keessatti hammachuun gara shaakala barsiisummaatti fiiduun bu’aan guddina ogummaa barsiisummaa uumma.

Akka wixineen hojii dagaagina ogummaa walitti fufaa biyya keenyatti, dagaagina ogummaa walitti fufaa jechuun hojii barsiistota fooyessuufi cimsuu hunda jechuudha.Kenninsi deeggarsa ogummaa barsisummaa karaalee carraa dagaagina ogummaa barsiisummaa ittiin mirkaneeffatanii keessa isa tokkodha.

Deeggartoota, akka barsiistota muuxannoo qaban tokkootti kanaan dura jecha dagaagina deeggarsa ogummaa walitti fufaafi deeggarsa ogummaa barsiisummaatiin akka walbaratanii jirtu jedhamee yaadama. Kanaafis wixinee hojii dagaagina ogummaa walittifufa barsiistota biyya keenya (MEO, 23: 2009) ilaalaa.

Page 13: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

5

Namoonni ogummaa garagaraa keessa jiran deeggarsa ogummaatiif akkaataa hojiirra oolmaa isaatiin hiika adda addaa kennu. Hiikkawwan kunneenis, sadarkaa miira walitti dhiyeenya deggartoootaafi deegaramtoota giddu jiru; turtii hariiroo fi tajaajila murtaawaa deeggartotaan kennamuniidha. Kunaaf, ogbarruuleen adda addaa dagaagina barsiisotaa ilaalchisee hiikkawwan armaan gadii kennuu:

• Deeggarsi ogummaa barsiisummaa waliin hojjechuu namoota lamaan jidduutti kan taasifamu ta’ee tarsiimoo, dagaagina ogummaafi sansakkaa kan deeggarudha.

• Deggarsi ogummaa barsiisummaa walitti dhiyeenyaa cimaafi faayidaa waliinii iratti hundaa’uun barsiistota muuxannoo gahaa, beekumsaafi dandettii olaanaa qabaniifi kanneen muuxanno gahaa hinqabnee gidhuutti taasifamudha.

• Deeggarsi ogummaa barsiisummaa hojii itti yaadame, haala irratti hundaa’ee barumsa dabarsuun deegarsa nama muxxanno olaanaa qabuun kan muxannoo xiqqaa qabuu guddisuufi dagaagsuuf qajeelchuudha.,

Akkataaa hiikawwan armaan olii sadaniitti yaadrimeen degarsa ogummaa barsiisummaa bifa adda addaatiiin ibsamee jira.

Hiikni inni jalqabaa irra caalaatti bu’aafi hariiroo deeggartootaafi deeggaramtoota jidduu jiru irratti xiyyeefata. Kana jechuun garee lamaanuu dagaagina walduukaa qabaatu jechuudha.

Hiikni 2ffaan immoo deeggartoonni ogummicha irratti buleeyyii fi dandeettii olaanaa caalaa akka qaban eegama.Kanaafuuu,deeggartoonni ogummichaa yeroo hundumaa deeggaramtoota caalaa baay’ee barbaachisoofi dursi kennamuufii qaba jedha.

Hiikni inni dhumaa immoo irra caalaati kan xiyyeeffatu deeggarsa kallattii tokkoon kennamurrati fakkaata. Kana jechuun deegarsi ogumma deeggartoota muuxannoo olaanaa qaban irraa gara deeggaramtoota muuxannoo xiqqaa qabaniitti kan kennamuudha.

Deeggartoota, akka kaayyoolee maanuwaaali kanaa irraa dubbistanitti, barsiistonni afaan dhalootaa deeggarsa ogummaa barsiisummaa ilaalchisee hiika akkamii hubachuu qabu? Yoo xiqqaate hiika toko barreesuuf yaalaa.

Hiikni deeggarsa ogummaa barsiisummaa akka maanuwaalii kanaatti waliigaltee (hariiroo waldeeggaruu) barsiisota lamaan jidduutti (tokko akka deegaraa/tuufi kan biraa immoo akka deeggaramaa/tuutti ta’uun kan filatamu/ramadamu) ibsa. Kana keessatti wanti hubatamuu qabu deeggartoonni barsiistota buleeyyii (muuxannoo olaanaa qaban) ta’uun dirqamaa miti. Garuu, barsiisaa/tuu ofitti amanamummaa fi dandeettii hiriyyoonni itti amanan qabu/du (nama qulqullinaan ragaa qabatamaa dhiyeessu) ta’uu qaba.Kun immo karaa bilisaafi iftoomina qabuun filatamuu qaba.As jalatti amaloota gaarii deeggartoonnii fi deeggaramtoonni qabaachuu qaban addaan baasuun barbaachisaa ta’a.Isaan keessaa muraasni akka itti aanutti dhiyaatanii jiru.

Page 14: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

6

Gabatee 1: Amaloota Gaarii Deeggartootaa fi Deeggaramtootaa

Amaloota Deeggartoota Qaxalee Amaloota Deeggaramtoota Qaxalee• Yaada ogummaa barsiisummaa keessatti

barachuuf dhihaate ni jajjabeessu; itti gaafatamummaas ni fudhatu.

• Gorsa barbaachisaa yeroo barbaachisaa keessatti ni kennu

• Dhimmoota hojiin walqabatan irratti ofitti amanamummaan ni tajaajilu

• Barannowwan moodela ni agarsiisu• Leenjii gahaa akka barbaachisummaa isaatti

nikennuu.• Akka madda odeeffanoofi leecallootti

nitajaajilu• Nama madda beekumsaa ta’e adda baasuun

itti fayyadamu.

• Yaaddeebbii kennamu fudhachuuf fedhii qabu

• Dagaaginaa fi guddina ogummaa isaanitiif itti gaafatamummaa nifudhatu.

• Rakkoolee ogummaa isaanii keessatti isaan mudatan furuuf ittigaafatamummaa dabalataa nifudhatu

• Waadaa deeggartootaan waliigalan kutannoon niraawwatu.

• Deeggarsa ogumma keessatti adeemsa deeggaramuu erga xumurani booda, namoota biroo deeggaruuf kutannoo niqabu.

Deeggartoota,

Amaloota armaan olitti tuqaman akka agasiistuutti fayyadamuun maal fooyyessuu akka barbaaddaniifi deeggaramtoota keessa maal hubachiisuu akka feetan adda baasuu nidandeesu. Kan hubacuu qabdan, garuu wanti kun amaloota hunda kan hammte miti. Kanaaf, marii deeggarmtoota keessan waliin taasiftaniifi barruu biro dabalataan dubbisuun amaloota gaarii deeggartootaafi deeggarmtootaa biroo dabaluu nidandeessu.Deeggarsi ogummaa barsiisummaa akaakuuwwan garaagaraa qaba.Hiikaawwan akaakuuwwan deeggarsa ogummaa barsiisummaa adda addaa qabatee armaan gadii keessatti dhiiyaatanii jiru.

Gabatee 2: Akaakuuwwan Deeeggarsa Ogummaa Barsiisummaa

Akaakuu Deeggarsa Ogummaa Barsiisummaa

Hiika

1. Deeggarsa ogummaa barsiisummaa tokkoo fi-tokkoo

Deeggarsa ogummaa barsiisummaa bu’aa qabeessaa fi ogummaa yeroo waliin deemu, deeggaramtoota waliin hojjechuu barbaadu, muuxannoo xiqqaa qabaachuu kan beekamu, ol guddisuu fi fooyyessuun gahumsa deeggaramaa/tuu kan cimsudha.

2. Deeggarsa ogummaa barsiisummaa hiriyaa

Deeggarsi ogummaa barsiisummaa hiriyaa barsiistota muuxannoo fi sadarkaa walfakkaataa irra jiraniin kan gaggeeffamu ta’ee gosa barnoota isaanii irratti hundaa’ee raawwatama

3. Deeggarsa ogummaa barsiisummaa garee

Deeggarsi ogummaa barsiisummaa garee namoota hedduu kanneen muuxannoo olaanaa qaban waliin walitti fida. Gama biraatiin, deeggarsi ogummaa kun “Marsaalee deeggarsa ogummaa Barsiisummaa” jedhamuun beekama.

4. Deeggarsa ogummaa barsiisummaa hunda ammate (virtual)

Deeggarsi ogummaa kun yaadota, gorsaa fi gahumsa qabaachuu isaanii battalumatti ibsu ilaallata.

Page 15: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

7

5. Deeggarsa ogummaa barsiisummaa calaqqee

Deeggarsi ogummaa kun walgahii ykn marii altokko taasifamuun kenama. (Fkn. Haala supparvaayizarri wiirtuu manneen barumsaa daree barnootaa seenanii daawwachuun yaada barbaachisaa ta’e nikennuu.)

6. Deeggarsa ogummaa barsiisummaa garagaltoo

Deeggarsi ogummaa barsiisummaa kun deeggarssa ogummaa barsiisummaa duriin kan walfakkaatu ta’ee, adeemsa ogummaa ogeeyyiin buleeyyii ogeeyyii haaraa waliin walutti hidhamuuti.Haat’u maalee, ogeeyyiin haaraa teeknoolojiifi hojii haaaraa irratti akka deeggartoota ogeeyyii buleeyyiitti niilaalamu.

Madda: From NOVA SHRM & Dulles SHRM (April 2012) Mentoning program Toolkit: NOVA/DULLES

Deeggartoota, akkuma wixinee deeggarsa ogummaa barsiisummaa barsiisotaa afaan dhalootaa armaan olitti dubbistanitti, akaakuun moodela deeggarsa ogummaa barsiisummaa barsiisotaa afaan dhalootaatiif filatamuu kan yaad-hiddamaawaadhaan beekamu isa deeggarsa ogummaa barsiisummaa tokkoofi tokkoo ta’ee, raawwii irratti kan mul’atu immoo akaakuuwwan deeggarsa ogummaa barsiisummaa gabatee 2 keessatti kenname keessaa ruqaalee isa 2ffaa, 3ffaa fi 6ffaa of keessatti hammachuu danda’a. (Wiixinee Deeggarsa Ogummaa Barsiisummaa Barsiisotaa Afaan Dhalootaa-Akkaataa deeggartootni ogummaa barsiisummaa itti filataman ilaali).

2.2 Kaayyooleefi Bu’aalee Deeggarsa Ogummaa Barsiisummaa Barsiistota Afaan Dhalootaa

Kaayyoon waliigalaa deeggarsa ogummaa barsiisummaa barsiisota afaan dhalootaatiif deeggarsa dagaagina ogummaa walitti fufaa kennuun, baruufi barsiisuu dubbisuufi barreessuu afaan dhalootaa fooyyessuudha. Deeggarsi kunis, barsiisota deegaraman qofa fayyada osoo hintaane, barsiisota deeggaraniifi mana barumsaallee ni fayyada. Haaluma kanaan, deeggarsi ogummaa barsiisummaa afaan dhalootaa kun barsiisota deeggaramaniif bu’aalee armaan gadii qaba.

• Kallattii barachuu turtii yeroo dheeraa mijeessa;

• Fedhiiwwan barachuu dhuunfaa guutuuf carraa dagaagina dhuufaa kenna;

• Maddaawwan beekumsaa fi dandeettiiwwan akka dabalan taasisa;

• Bu’aa yaaddeebiin qaburratti hundaa’ee ni barsiisa/ti;

• Oggeessa keessatti dagaaginna oggummaa walitti fuufaa ni jajjabeessa;

• Ofitti amanamummaa ijaara;

• Dandeettii rakkoo furuu cimsa.

Akkasumas, barsiisota deeggarsa oggummaa barsiisummaa kennaniifis deeggarsi ogummaa basiisummaa barsiisota afaan dhalootaa bu’aalee armaan gadii qaba.

• Namoota biroo akkaataa itti dhaggeeffatan barachuuf gargaara;

• Walitti dhufeenya waliinii fi dandeettiiwwan hoggansummaa fooyyessa;

Page 16: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

8

• Hariiroo hawaasummaa sirriifi ofitti amanamummaa dhuunfaa cimsa;

• Shaakalawwan ofiirratti calaqqee dhiheessuuf carraa kenna;

• Akkaataa dhaabbatichi hojjeturratti hubannoo dabala.

• Garaagarummaa jirurratti barsiisa;

• Dagaaginna namoota birootiif deeggarsa kennuun itti quufiinsi hojii miiltoo biratti fudhatamummaan akka jiraatu taasisa.

Haaluma walfakkaatuun, deeggarsi ogummaa barsiisummaa barsiisotaa afaan dhalootaa mana barumsaatiifis bu’aalee armaan gadii qaba.

• Barsiisota mana barumsichaa gidduutti miira raayyummaa uumuun gamtaan akka hojjetan taasisa;

• Barannoowwan haaraa afaan dhalootaa haalaan hojirraa ooluu isaanii mirkaneessa;

• Naannoo hojii mijaawaa ta’e uuma;

• Dandeettii dhuunfaa barsiisotaa dabaluun mana barumsaa keessatti kutannoon akka hojjetan taasisa;

• Turmaata hojii barsiistotaa fooyyessa.

Deeggartoota, mana baruumsaa keessan keessatti hooggansi mana barumsaa fi barsiisonni hundi kaayyoofi bu’aalee deeggarsa ogummaa barsiisummaa afaan dhalootaa, akkasumas waa’ee deeggartootaa fi deeggaramtootaa irratti yeroo fudhachuun irratti walii galuu qabu.Kun immoo hojiirra oolmaan sagantaa deeggarsa ogummaa barsiisummaa argachuuf baay’ee barbaachisadha. Kanaaf, akkaataa haala qabatamaa mana barumsaa keetiin dhimma kana hojiirra oolchuun gahee keeti.

2.3. Qajeeltoowwan Deeggasa Ogummaa Barsiistota Afaan Dhalootaa

Qajeeltoowwan bu’uuraa gochaalee deeggarsa ogummaa barsiisummaa waliigala gosa barnootaa hundaa waliin walfakkaata.Kanaaf, qajeeltoowwan waliin qaban kana fayyadamuun barsiistota afaan dhalootaa sagantaa deeggarsa ogummaa barsiisummaa keessatti hirmaata nhubachiisuu qabna.

Isaan kunis akka armaan gadiitti tarreeffamanii jiru:

• Deeggartootaafi deeggaramtoota gidduutti walitti dhufeenya walamattaafi iccitii eeguu walkabajuu irratti hudaa’ee ijaaruudha.

• Walitti dhufeenyi deeggarsa ogummaa barsiisummaa kan hiriyuummaa irraa adda bahee ilaalamuu qaba. Kunis, deeggarsi ogummaa barsiisummaa walitti dhufeenya cimaa karaa idilee ta’erratti hundaa’uu qaba. Walitti dhufeenyi hiriyyummaa/firummaa garuu, haala idileen kan hingaggeeffamneefi akka feeterratti kan hundaa’udha.

• Caasaa deeggarsa ogummaa barsiisummaa yeroo murtaa’e, sansakka walitti dhufeenya gaariifi seera hirmaachisaa qabaachuu qaba.

• Walitti dhufeenyi deeggarsa ogummaa barsiisummaa galmawwan/bu’aawwaniifi karoorawwan karaa ifa ta’aniin deeggaramtootaafi deeggartootaan uumamuu qaba.

Page 17: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

9

• Deeggarsa ogummaa barsiisummaa deeggaramtootaaf kennamu, yaaddeebii sirriifi hatattamaa ta’e haala walitti fufiinsa qabuun kennuun akka hojii ijootti fudhatamuu qaba.

• Dandeettiiwwan walitti dhufeenya deeggarsa ogummaa barsiisummaa irraa argaman haala qabatamaa ta’een iyyaafannoon gaggeeffamuu qaba.

• Yommuu deeggaramtoonni ofdanda’anii hojii sirriitti hojjetan, walitti dhufeenyi deeggarsa ogummaa barsiisummaa xumuramuu qaba. Muuxannoo walitti dhufeenya haalota biroo irraa argamanis hojii irra oolchuu qabu.

Qajeeltoowwan waliigalaa deeggarsa ogummaa barsiisummaa barsiistota afaan dhalootaa kunneen haala qabatamaa manneen Barnootaa Naannoo Oromiyaatiif ergaawwan armaan gadii qabu.

• Yommuu deeggarsi ogummaa barsiisummaa afaan dhalootaa karoorfamu beekamtii mana barumsichaa argachuu qaba; deeggartoonni deeggaramooota waliin walitti dhufeenya amanamummaa qabu uumuurratti of eeggannoo taasisuu qabu.Dhimma kanas deeggaruun kan danda’amu keessaa tokko qajeeltoowwan icciitii eeguu armaan olii kan hamate ta’uu qaba.

• Wixineen deeggarsa ogummaa barsiisummaa barsiistota afaan dhalootaa, deeggartoonni miiltoowwan isaanii keessaa filatamanii akka ramadaman jajjabeessuu. Akka carraa ta’ee, miiltoowwan hiriyoota ta’uu nidanda’u. Akka qajeeltowwan armaan olitti walitti dhufeenya karaa miiltoo dursa argachuu qaba.

• Deeggarsi ogummaa barsiisummaa barsiistota afaan dhalootaa faayidaa walitti dhufeenya waliiniirratti ijaaramuu qaba. Wiixineen deeggarsa ogummaa barsiisummaa barsiistota afaan dhalootaas kanuma mirkaneessa.Kanaaf, deeggartoonni qofaa isaanii deeggaramtootaaf waan karoorsa hinqaban. Yoo deeggartoonni bakka hogganummaa qabatan iyyuu, wantoota hojjetan hunda deeggaramtoota waliin ta’uun karoorfachuu qabu.

• Deeggarsi ogummaa barsiistota afaan dhalootaa giddugaleessummaan akkaataa barsistonni dubbisuufi bareessuu barsiisaniifi barachuun barattootaa haala walfakkaatuun saffisuu akka danda’u kan mijeessudha. Kanaafuu, yaaddeebii walirraa hincinne kennuun dhimma ijoo adeemsa deeggarsa ogummaa ta’uu qaba. Deeggaramtoonni bakka deeggarsa argachuu qabanitti deeggarsa barbaachisu argachuun of fooyyessaa deemuu qabu.

• Deeggarsi ogummaa afaan dhalootaa barsiistotaaf kennamu, haala gara fuula duraatti deeggartoota biroo uumuu danda’uun dhihaachuu qaba.Kunis, haala qabatamaa manneen barnoota biyya keenyaa kan calaqisiisu: sochii barsiistotaa iddoo gara iddootti taasifamu kan agarsiisudha. Kanaafuu, deeggarsi ogummaa barsiisummaa kan hanqatu ta’uun yoo mul’ate, deeggaraan/tuun, deeggaramtoonni kanneen biroo deeggaruuf qophaa’ummaa qabaachuu isaanii mirkaneeffachuu qaba.

2.4 Marsaa Deeggarsa Ogummaa Barsiistota Afaan Dhalootaa

Biyya keenya keessatti Dagaaginni Ogummaa Walitti fufaa adeemsa ogummaa barachuu barsiistotaa

Page 18: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

10

yeroo dheeraaf ta’uun isaa sadarkaa marsaa afuriin ilaalamuun nidanda’ama. Isaanis: xiinxaluu, karoorsuu, hojjechufi madaaluudha.

Adeemsa kana keessatti barsiisonni si’aayinaan keessatti hirmaachuu qaban:

a) Adeemsa barachuu isaanii,

b) Miiltoowwan isaanii waliin hojjechuu,

c) Hojiilee barachuu isaanii adda baafachuufi

d) Hojiilee manneen barnootaa keessatti bali’inaan hojjetaman fooyya’insa shaakala ofiisaaniifi miiltoowwan isaanii irratti fiduu danda’a. (MOE, Oct 2009)

Haaluma kanaan moodeelli deeggarsa ogummaa barsiisummaa afaan dhalootaa yaada walfakkaataa ta’een sadarkaa marsaa armaan gadii qabaata:

Caatoo 1: Marsaa Deeggarsa Ogummaa Afaan Dhalootaa

Moodeliin deeggarsa ogummaa barsiistota afaan dhalootaa fedhii adda bahe irratti kan hundaa’e ta’ee, deeggaramtoonni tartiiba adeemsa tokkoon tokkoo keessatti gahee qabaachuu qabu.Yaanni ijoo biroo xiyyeeffannaa fooyya’iinsa ka’umsa gadi aanaa (beenchi maarkii) irratti kennamedha.

Hubachiisa: Mariin gadifageenya adeemsa tokkoon tokkoo (haala ittiin hojiirra ooluu)

boqonnaa ittaanu keessatti dhihaatee jira.

Deeggarsa Ogummaa barbaadamu adda baasuu

Deeggarsa ogummaa keessatti qooda fudhachuuf

karoorfachuu

Keessa deebii Hojiirra oolmaa

Fooyya’ina Madaaluu

Page 19: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

11

BOQONNAA III

3. Adeemsa Deeggarsa Ogummaa Barsiistota Afaan Dhalootaa

Deeggartoota,

Modeelli xumura boqonnaa lamarra jiru, karoori deggarsa ogummaa fedhii deggaramtootaarratti hundaa’uun adda bahee qophaa’uu isaa agarsiisa.Ka’umsi gadaanaan fedhii deggaramtootaa adda baasu gahee barsiistota afaan dhalootaarraa eegamuufi gahee hojii isaan sirna barnootaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa keessatti taasisanirratti bu’uureffata.Kanaafuu, deggaramtoonni qabxiilee ijoofi barbaachisoo sirna barnootaa afaan dhalootaa sadarkaa tokkoffaa guutummaa guutuutti hubachuun barbaachisaadha. Dabalataanis, qabiyyeewwan sirna barnootaa sana barsiisuuf dandeettii barsiisummmaa dagaagfachuu qabu. Deggaramtoota waliin walitti dhufeenya erga uumtanii booda deggaramtoonni guutummaa guutuutti birkiilee armaan gadii hubachuu danda’uu isaanii mirkaneessuu qabu.

3.1. Amaloota Ijoo Sirna Barnoota Haaraa Afaan Dhalootaa Mana Barumsaa Sadarkaa Tokkoffaa Hubachuu

Adeemsa kenninsa deggarsa ogummaa afaan dhalootaa keessatti barsiistonni maaliif sirni barnootichaa akka jijjiirame, bu’uura xiyyeeffannaa jijjiiramaafi qindoomina meeshaalee sirna barnootaa afaan dhalootaa kana hubachuuf deggaramuu qabu.Dabalataanis, meshaaleen sirna barnootaa dandeettii afaanii barsiisuu irratti waan bu’uuraniif, barsiistonni afaan dhalootaa qajeelchoowwan baruufi barsiisuu ifaafi gooree ta’ee (explicit Instruction) sirriitti hubachuu qabu.Meeshaalee sirna barnoota haaraatiin afaan dhalootaa baratanii barsiisuuf, akka qabxii ka’umsaatti jijjiirama sirna barnootichaaf sababii quubsaa gadifageenyaan hubachuufi yaadota sirni barnootaa akka jijjiiraman dhiyaatan hubachuu qabu.

Haaluma kanaan, deggartoonni walitti dhufeneya deggaramtoota waliin erga uumtanii booda, waa’ee bu’aa madaallii MDKJ/EGRA birkii seensa maanu’aalii kanaa keessatti ibsameefi yaada furmaataa bu’aa madaallii MDKJ/EGRA akka hubatan gargaaraa.Barsiistonni sababa barattoonni gahumsaan dubbisuurratti baay’ee gadi aanaa ta’an hubachuun, rakkoo hojiirratti mudatuufi haala itti maqfamuu danda’urratti calaqqee haa dhiheessan.

Deggaramtoonni waa’ee madaallii dubbisuu kutaalee jalqabaa (MDKJ) fi sababa jijjiirama sirna barnoota afaan dhalootaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa irratti calaqqee erga dhiheessanii booda, waa’ee qindoominaafi qabiyyee barannoo kutaalee 1-4 fi 5-8 beekuun nibarbaachisa.Birkii kanarrattis deggaramtootaaf od-ibsa kennuun hinbarbaachisu.Haata’u malee, qabxii kana akka wabiittiifi yaada ka’umsaa mariitti fayyadamuun, deggaramtoonni hubannaa gahaa qabaachuufi dhabuu isaanii sakatta’aa.Marii deggaramtoota waliin taasiftan irratti hundaa’uun deggaramtoota keessan deggaruun hubannoo gahaa akka horatan taasisaa.Amaloota kitaaba barattoota haaraa afaan dhalootaa ilaalchisee deggaramtoonni qabxiilee armaan gadii hubachuun barbaachisaadha.

Page 20: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

12

Isaanis:

3.1.1. Yaada waa’ee meeshaalee sirna barnoota haaraa afaan dhaloota sadarkaa tokkoffaa.

3.2.2. Qindoomina qabiyyeefi barannoo meeshaalee sirna barnootaa haaraa barnoota sadarkaa

tokkoffaa

3.2.3. Dhiyeessaa barnoota afaanii dandeettii gonfachiisu irratti hundaa’e (ifaafi gooree)

3.1.4. Caacculeefi dandeettii dubbisuu barsiisuu bu’a qabeessa ta’e

3.1.5. Baruufi barsiisuu sirna koorniyaa gidduu galeeffate

3.1.6. Mala baruufi barsiisuu fedhii barattoota garaagaraa irratti hundaa’ee dhiyaatu

3.1.1. Waa’ee meeshaalee sirna haaraa barnootaa afaan dhalootaa manneen barnoota sadarkaa tokkoffaaf qophaahanii

Barsiistonni afaan dhaloota qajeeltoowwan qindoomina ijoofi yaada bu’uuraa qophii meeshaalee sirna barnootaa haaraa kana duuba jiran hubachuun barbaachisaadha. Deggartoonni maaliif sirni barnootaa afaan dhalootaa sadarkaa tokkoffaa jijjiiruun akka barbaachiseefi qajeeltoowwaniifi yaada bu’uuraa jijjiirama kanaa deggaramtootni hubachuu isaanii mirkaneeffachuu qabu. Qophiin kitaaba barattootaafi qajeelcha barsiisotaa barnoota sadarkaa tokkoffaa yaadawwan armaan gadii irratti hundaa’a.

• Barattootni dandeettii dhaggeeffachuu, dubbisuu, dubbachuufi barreessuu matduree yaada bu’uuraa ta’e tokko irratti qindaa’e irratti shaakalu.

• Barannoowwan afaan dhalootaa yaada bu’uuraa, matadureefi barreeffamoota dubbisuu irratti hundaa’uun walsimatu.

• Dubbisuufi barreessuun dandeettii olaanoo dubbarree qophii meeshaalee barnoota afaan dhalootaa sadarkaa tokkoffaa kessatti bu’uura guddaadha.

• Barattoonni afaan dhalootaa isaaniitiin gahumsaan dubbisuufi dandeettii hubannoo dubbisuu gaarii qabaachuuf caacculee ijoo dubbisuufi barreessuu irra deddeebiin shaakaluu qabu.

• Barnoonni afaan dhalootaa fedhii barattoota garaagaraa giddugaleeffachuuf, hojiilee dhuunfaan akkasumas gareefi cimdiin hirmaachisuu of keessatti hammachuu qaba.

• Barnoonni afaan dhalootaa modeela suuta suutaan ofdandeessisu irratti kan hundaa’u ta’uu qaba. Kunis yeroo barbaachisaa ta’utti kan barsiistonni dandeetti barnootaa modeelessaniifi deggarsi barsiistotaa haala dagaagina itti fufinsa qabuun raawwatee barattoonni gareenis ta’ee dhuunfaan akka shaakalan gargaaranidha.

• Jechoota haaraa barachuun tarsiimoolee adda addaatti fayyadamuun jechota yoomessa garaagaraa keessatti fayyadan irra deddeebi’anii shaakalchiisuu gaafata.

Page 21: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

13

Deggartoota,

Yommuu deggaramtoota keessaniif deggarsa ogummaa kennitan, akka barsiistota afaan dhalootaatti yaadota armaan olitti dhihaatan hubachuu isaanii mirkaneeffachuu qabdu.

Yommuu fedhii deggaramtootaa adda baafattanis,yaadota armaan olitti dhihaatan kanneen hubachuufi bu’aalee baruufi barsiisuu keessatti fiduu danda’an hubachuu isaanii xiinxalaa/sakatta’aa.Haala isaan agarsiisaa jiran irratti hundaa’uun, hanqina jiru adda baafachuun irratti hojjechuuf karoorfadhaa.

Of-madaallii Deggartootaafi DeggaramtootaaSirni barnoota afaan dhalootaa sadarkaa tokkoffaa maaliif akka jijjiirameefi yaada bu’uuraa qophii sirna barnoota kanaaf dhiyaatan deggaramtoonni hubatanii jiruu?

3.1.2 Qindaa’ina Qabiyyeewwaniifi Barannoowwan Meeshaalee Sirna Barnoota Haaraa Barnootaa sadarkaa Tokkoffaa

Qindaa’ina barannoo sirna barnoota afaan dhalootaa sadarkaa tokkoffaa argachuun maaliif barabachisa sitti fakkaata? Qindaa’ina barannoo sirna barnootaa afaan dhalootaa barnoota sadarkaa tokkoffaa adeemsa baruufi barsiisuu afaan dhalootaa keessatti tokkoo tokkoo ruuqoolee barannoo tokkoo fudhatanii deemuurra walitti dhufeenya barannoowwan adda addaarratti barsiisonni afaan dhalootaafi barattoonni akka hubannoo qabaatan gargaaruufi. Haaluma kanaan, kitaabilee barattootaa kutaalee 1-4 barannoowwan armaan gadii gidduu galeeffachuun kan qindeeffamanidha.

a) Dubbisa dhaggeeffachuu

b) Qubeewwan haaraa (Kutaa 1-2)

c) Qaamolee jechaa walitti makuufi addaan qoqqooduu

d) Jechoota agaree

e) Dubbisa dhuunfaa

f) Fayyadama jechootaa

g) Barreessuu

Kitaabilee barattootaa kutaalee 5-8 barannoowwan armaan gadii giddu galeeffachuun qindeeffame.

a) Qo’annoo jechaa

b) Hubannoo dubbisuu

c) Fayyadama jechootaa

d) Barreessuu:

- ijaarsa barreeffmaa

- Sirna barreeffamaa

Page 22: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

14

e) Gahumsaan dubbisuu

f) Dhagdubbii (dhaggeeffachuufi dubbachuu)

g) Caasluga

Dabalataanis, fuulduree qajeelcha barsiistotaarratti qabxiileen barbaachisoo dhihaatanii jiru.Akka itti fayyadamtoota qajeelcha barsiisotaa adda dureetti, barsiistonni afaan dhalootaa dhimmoota fulduree kanarratti dhiyaatan sirriitti dubbisuun hubachuun barbaachisaa ta’a.Deeggaramtoota kee waliin ta’uun gabatee armaan gadii guuti.

Gabatee 3: Cuunfaa Fuulduree Qajeelcha Barsiistotaa

Birkiilee Fuulduree Qajeelcha BarsiisaaIbsa Gabaabaa

BirkichaaSababii Barsiistonni Waa’ee Birkichaa Beekuu Qabaniif

SeensaCaacculee dubbisuuBirkiilee barannooQajeeltoowwan barnootaaMadaallii walitti fufaa, Deggarsaafi cimsuuChaartii gahumsaan dubbisuuSina Koornayaafi Barnoota huda hammatooOfmadaallii barattootaafi mirkaneeffannaa barreeffamaaHaala fayyadama qajeelcha barsiistotaa

Barnootaa Sadarkaa Tokkoffaaf Tartiiba Qabiyyeewwan Meeshaalee Barnoota Afaan Dhaloota Isaan Haaraa

Adeemsa qophii meeshalaee sirna barnoota haaraa afaan dhalootaa keessatti qabiyyeewwan filatamanii dhihaatan marsaa lamatti qoodamanii jiru. (Kutaa 1-4fi 5-8).

Qabiyyeewwan Barnootaa Kutaa 1-4f

Qabiyyeewwan kutaalee 1-4 waggaa tokko keessatti torbeewwan 30f barsiifamuu haala danda’anii qophaa’ni. Qabiyyeewwan meeshaalee barnoota afaan dhalootaa keessatti dhihaatan torban tokko keessatti wayitiileen 5 baranoota afaan dhalootaaf niramadama jedhamee yaadameeti.Kanaaf, kitaaba barattootaa keessatti qabiyyeewwan tartiibeffaman torbee tokko keessatti guyyoota afuriifi.Akkasumas, qabiyyeewwan barannoo guyyaa shanaffaas, qajeelcha barsiistotaa keessatti agarsiifamanii jiru. Kunis, qabiyyeewwan guyyaa shanaffaarratti dhihaatan dandeettiiwwan haarawaa kan dhiheessan osoo hin taane, cuunfaa guyyoota arfan darbaniiti.

Akka waliigalaatti, qabiyyeewwan birkiilee barannoo kutaalee 1-4 keessatti dhihaatan akka armaan gadii ta’u.

Page 23: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

15

a) Dhaggeeffachuu

- Hubannoo dhaggeeffachuu

- Hubannoo sagalee dubbii

b) Dubbisuu

- Qubeewwan

- Qaama jechaa walitti makuufi addaan qoqqooduu

- Jechoota agaee

- Hubannoo dubbisuu

- Hubannoo dubbisuun duraa, yeroo dubbisuufi dubbisuun boodaa

c) Gahumsaan dubbisuu

- Saffiisaan dubbisuu

- Sirrummaan dubbisuu

- Ibsa wajjin dubbisuu

d) Fayyadama jechootaa

- Jechoota dubbisa keessaa bahan

- Jechoota barnootaa

e) Barreessuu

- Hubannoo walitti dhufeenya sagalee dubbiifi qubee

Of-Madaalii Deggartootaafi Deggaramtootaa• Qabiyyeewwan kutaalee 1-4 akkaataa tartiiba armaan oliitti maaliif qindeeffaman sinitti

fakkaata?• Hubannoon dhaggeeffachu maaliif jalqaba irratti dhihaate?

Qabiyyeewwan Kutaa 5-8

Meeshaalee barnoota afaan dhalootaa kutaalee 5-8 keessatti akkaataa qabiyyeewwan itti qindaa’anii dhihatan hubachuun faayidaa qabeessa.Haaluma kanaan, tartiibni qabiyyee gabatee armaan gadii keessatti haala ifa ta’een dhihaatee jira.

Page 24: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

16

Boqonnaa X, Torban 1…… SeensaGuyyaa 1 Guyyaa 2 Guyyaa 3

caaccuu Yeroo (Daqiiqaa) Ruqaalee Yeroo

(Daqiiqaa) caaccuu Yeroo (Daqiiqaa)

Hojmanee/ Yaadachiisuu

5’ Hojmanee/ Yaadachiisuu

5’ Hojmanee/ Yaadachiisuu

5’

1. Qu’annaa jechootaa

10’ 1. Fayyadama jechootaa

10’ 5. Ga’umsaan dubbisuu

10’

3a.Hubannoo dubbisuun duraa

2’

3b. Barreeffamicha dubbisuu

8’

2. Dubbisuu2a. Hubannoo dubbisuun duraa2b. Hubannoo yeroo dubbisuu2c. Hubannoo dubbisuun boodaa

25’

5’

10’

10’

2. Barreessuu4a. Ijaarsa barreeffamaa4b. Sirna barreeffamaa

25’

15’

10’

6 Dhagdubbii 6.1 Dhaggeeffachuu6.1.a.Hubannoo dhaggeeffachuunduraa.6.1.b.Hubannoo yeroo dhaggeeffachuu 6.1.c. Hubannoo dhaggeeffachuun boodaa

15’

5’

5’

5’

7. caasluga 10’

Shaakala Boqonnaa X, Torban 2

Boqonnaa X, Torban 1…… SeensaGuyyaa 4 Guyyaa 5 Guyyaa 6

Caaccuu Yeroo (Daqiiqaa) Caaccuu Yeroo

(Daqiiqaa) Caaccuu Yeroo (Daqiiqaa)

Hojmanee/ Yaadachisuu

5’ Hojmanee/ Yaadachisuu

5’ Hojmaneeyaadachisuu

5’

8. Dubbisuu8a. Hubannoo dubbisuu duraa8b. Hubannoo Yeroo dubbisuu8c. Hubannoo dubbisuun boodaa

35’

10’

10’

15’

9. Fayyadama jechootaa 10. Barreessuu10a. Sirna barreeffamaa10b. Ijaarsa barreeffamaa

10’

25’

10’

15’

10.Ga’umsaan Dubbisuu10a. Dubbisuun dura1ob.Yeroo Dubbisuu12. Dhagdubbii 12.1. Dubbachuu13. Caasluga

10’

2’8’

15’ 10’

Page 25: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

17

Boqonnaa X, Torban 3 Hojiirra oolchuu

Boqonnaa X, Torban 1…… SeensaGuyyaa 7 Guyyaa 8 Guyyaa 9

Caaccuu Yeroo (Daqiiqaa) Caaccuu Yeroo

(Daqiiqaa) Caaccuu Yeroo (Daqiiqaa)

Hojmanee/ Yaadachisuu

5’ Hojmanee/ Yaadachisuu

5’ Hojmaneeyaadachisuu

5’

14. Qu’annaa jechootaa

5’ 16. Fayyadama jechootaa

10’ 18. Ga’umsaan dubbisuu 18a. Dubbisuun Dura18b. Dubbisuu

10’

2’

8’15. Dubbisuu15a.Hubannoo dubbisuun duraa15b.Hubannoo yeroo dubbisuu15c.Hubannoo dubbisuun boodaa

30’

5’

10’

15’

17. Barreessuu17a. Sirna barreeffamaa17b. Ijaarsa barreeffamaa

25’

10’

15’

19. Dhagdubbii Dubbachuu

20. Caasluga

15’

10’

Hubannoo

Gabatee armaan olii irraa akkuma hubatamu qabiyyeewwan meshaalee barnoota afaan dhalootaa haala armaan gadiitiin tartiibeffamaniiru.

• Boqonnaan tokko turban sadiif qophaa’a. Tokkoon tokkoon boqonnaas yaada ijoo tokko fayyadamuun barreeffama dhaggeeffachuufi dubbisuu akkasumas hojiiwwan barreessuufi kkf irratti hundaa’a.

• Barannoo hunda keessatti dhiyaachuu baatanis caacculeen barnoota afaanii hundi boqonnaa keessatti hammatamanii jiru.

• Dandeettiiwwan afaanii tokko tokko xiyyeeffannoo/yeroo addaa isaan kaan caalaa argachuu danda’u. Sababiinsaas kutaa 5-8 keessatti baay’ee barbaachisoo yookaan daran walxaxoo waan ta’aniif.

• Boqonnaan torban duraa kanitti xiyyeeffatu dandeettiifi matadure haaraan walbarsiisuurratti xiyyeeffata. Torban lammaffaa boqonnichaa ammo kan inni itti xiyyeeffatu dandeettiiwwan haaraa shaakaluu yeroota’u, turban sadaffaan immoo hojiirra oolmaaf madaaluurratti xiyyeeffata.

• Barruuwwan dubbisuu tokkoon tokkoon birkii barannoo meshaalee afaan dhalootaa keessatti giddugaleessummaan tajaajila’

• Hojiileen barattootaa sadarkaa qubeewwan bareessuu shaakaluu irraa kaasee hanga barreeffamoota adda addaa (keeyyata, barreeffama dheeraa) shaakaluu danda’anitti qopheeffamanii jiru.

Page 26: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

18

• Hojiileen bareessuu birkiilee barannoo barreessuu qofa keessatti kan dhihaatan osoo hin taane, birkiilee barannoo biroo kanneen akka fayyadama jechaa, qo’annoo jechaa, hubannoo dubbisuu, hubannoo dhaggeeffachuu fi kkf keessattis dhihaatanii jiru.

• Barreessuu fi dubbisuun birkiilee barannoo hundaa keessatti irra deddeebiin dhihaatanii jiru.

• Kutaalee 1-4 keessatti meeshaaleen sirna barnootaa qophaa’an barattonni dubbisuuf barachuu akka danda’an gargaaruuf seeneffamoota sasalphoo fi beekamoon kan fayyadaman yoo ta’u, kutaalee 5-8 keessatti immoo barattoonni barachuuf, dubbisuu akka danda’aniif seeneffamoonni dhedheeroo filatamanii jiru.

3.1.3 Baruufi Barsiisuu Kallattii

Baruu fi Barsiisuu Kallattii jechuun maleenya ijoo afaanii ta’ee meeshaalee sirna barnoota afaan dhalootaa haaraa keessatti kan fayyadudha. Barsiistota barnoota afaan dhalootaa irraa dandeettiiwwan afaanii barattootaaf moodeeleessuun dhiyeessuun yommuu barattoonni dandeettiiwwan sana gonfatan, adeemsaan akka isaan of danda’anii baratan kan taasisudha. Dabalataan, maleenyi kun dandeettiiwwan afaanii kan baratamuu qaban bifa sirnaawaa fi ifa ta’een ta’uu isaa agarsiisa. Sababni isaas, barsiistonni afaan dhalootaa gochaawwan akkamitti akka raawwataman moodeela ta’uun barattootatti agarsiisu (Nihojjenna), dhuma irratti barattoonni ofii isaaniitiin of danda’anii akka hojjetan (Nihojjetu) kan taasisudha.

Kuni kan yaadameef, gareewwan lameenuu (barsiistotaa fi barattoonni) gocha tokko keessatti hirmaachuu isaanii mirkaneeffachuuf hubannaa barachuu barattootaa adeemsa baruu fi barsiisuu keessatti argatan mirkaneeffachuuf ta’a.

Deeggaramtoonni hojii irra oolmaa sirna barnoota haaraa afaan dhalootaa ilaalchisee yaadrimeen murteessaan gadifageenyaan hubachuu qaban baruufi barsiisuu kallattiiti. Akka qaama adeemsa deeggarsa ogummaa barsiisummaatti, hiika baruu fi barsiisuu kallattii irratti mari’achuufi raawwii barsiistotaa keessatti dhiibbaa ijoo inni qabu adda baafachuun baay’ee murteessaadha. Kanaafuu, deeggartoonniifi deeggaramtoonni hiika itti aanu irratti waliin mari’achuun ibsa itti kennaa.

Baruufi Barsiisuu Kallattii Irratti Marii Daaggartootaafi Deeggaramootaa!

Yaadrimee Barbaachisaa: Baruufi Barsiisuu KallattiiBaruufi barsiisuun kallattii deeggarsa adeemsa suutaan barachuu addaan hincinne ykn utubduu fayyadamuudhaan qabiyyeewwan barnoota akkaataa duraa duuba isaaniitiin barannoowwan xixiqqaa barbaachisoo ta’anitti qoqqooduun barsiisuudha. Barachuufi barsiisuun afaan dhalootaa ibsa ifa ta’eefi dandeettii agarsiisuu (walitti makuu, qoqqooduu, hubannoo miiltawaa, cuunfuu, kkf) irratti hundaa’a.Kunis, shaakalaafi yaaddeebii battalaan deeggarama. (Archer & Hugher, 2011, P.3)

Hiika armaan olitti baruufi barsiisuu kallattii irratti kenname keessaa yaadrimeewwan ykn ruqaaleewwan barbaachisoo ta’an hubachuu nidandeenya. Marii armaan olittideeggaramtoota waliin taasiftan irratti hundaa’uun, raawwii adeemsa baruufi barsiisuu akkasumas, qajeeltoowwan qindaa’insa sirna barnootaa

Page 27: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

19

meeshaalee sirna barnootaa afaan dhalootaa keessatti hojii irra oolan adda baafachuun barbaachisaadha.Kunis, deeggaramtoonni hiika armaan olitti kenname irraa ruuqaalee barbaachisoo ta’an adda nibaafatu. Kanamalees, Deeggaramtoonni raawwii isaanii keessatti ruuqaaleen barbaachisoo kunneen dhiibbaa akkamii akka qabaatan nihuabtu.

Yaadannoon gabaabaa olitti waa’ee ibsa qabxiilee baay’ee murteessoofi hojiirra oolmaa isaanii ilaalchisee dhihaate, kitaabilee barattootaa haaraa afaan dhalootaa barsiisuu keessatti nifayyadu.

Caatoo ittaanu irratti kan ilaallu, baruufi barsiisuun kallattii qajeeltoowwan hedduu ni qaba.Haata’u malee, akka biyya keenyaatti kanneen caalmaatti beekkamoo ta’an,‘Nanhojjedha’, ‘Nihojjenna’ fi ‘Nihojjettu’ dha.

1. Nanhojjedha-Barsiisaan/tuun moodela ta’uun akkamitti akka dandeettii haaraa fayyadaman barattootatti ni agarsiisa/ti. Modeleessuun kunis irradeddeebiin kan raawwatamudha.

2. Nihojjenna- Barsiisaan/tuun dandeettiiwwan baratamaa jiranho jiirra oolchuu keessatti barattoota niqajeelcha/ti.. Kunis shaakala qajeelchaa barsiisaa/tuufi barattoonniadeemsa shaakalaan barchuu keessatti waliin akka hirmaatan jajjabeessudha. Tarsiimoon ‘nihojjenna’ hirmaannaa qaamaa, dubbiifi agaree uuma.

3. Nihojjettu- sadarkaa kanarratti barattoonni ofumma isaaniii of danda’anii shaakalu. Sadarkaa kanatti gaheen barsiisaa/tuu barattoonni barachuu isaanii (waan baratan sana hubachuu isaanii) fi akkamitti akka ofdanda’anii hojjetan mirkaneessudha.

Archer fi Hughes (2011) ruuqaalee baruufi barsiisuu kallattii 16 ta’an adda baasanii jiru. Caatoon armaan gaditti kenname ruqaalee baruufi barsiisuu kallattii keessaa 9 filatamuu nutti agarsiisa. Ruqaaleen filataman kunneenis qophii kitaabilee barattootaa haaraa afaan dhalootaa manneen barumsaa jalqabaafi qajeelcha barsiisotaa keessatti qindaa’uun hammatamaniiru jedhamee yaadama.

Caatoo 2: Ruqaalee baruufi barsiisuu kallattii

Yaad deebii sirreeffamaafi jajjabeessa

battalaa kennuu

Barannoowwan qindaa’eefi

xiyyeeffatame wixineessuu

Dandeettiiwwan tartiiba sirrii ta’een kaa’uu

Baruufi Barsiisuu Kallattii

Dandeettiiwwan xaxamaafi tarsiimolee

gara qaamolee xixiqqaatti qooduu

Kaayyoowwan/ galma ifa ta’een barannoo ee-

galuu

Osoo baruu-barsiisuu hineegaliin dandeettiiwwanniifi

beekumsa barattoonni duraan qaban adda

baafachuu

Agarsiisafi mood-eleessuu sadarkaa sadarkaan kennuu

Qajeelcha, deeggarsaafi shaakala of danda’anii

hojjechuu kennuu

Fooyya’iinsa barattoota irratti mul’atu/hordofuu

Page 28: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

20

Deeggartoota,

Deeggaramtoota keessan waliin ta’uun ruqaalee baruu barsiisuu kallattii armaan olii irratti mari’adhaa. Ruqaalee kennaman keessaa kannneen marii dabalataa barbaadan jiruu? Yoo eeyyee jettan ruqaalee sanneen adda baasuun qabxii marii taasisuun yeroo walga’ii garee deeggartootaafi deeggaramtoota biroo waliin taasiftan irratti mari’adhaa.

Yaadrimee irrati hundaa’uufi haala raawwii: Qajeelcha barsiisotaa xiinxaluufi barannoo karoorsuu.Qajeelcha barsiisotaa manneen barumsaa sadarkaa jalqabaatiif qophaa’e keessaa boqonnaa tokko filachuun akkaataa ruqaaleen baruufi barsiisuu armaan olitti ibsaman qajeelcha barsiisotaa keessatti hammataman xiinxalaaq. Itti aansuun karoora barannoo wayitii tokkoof ta’u, kan irra caalaatti ruqaalee armaan olitti ibsaman ofkeessatti hammachuu agarsiisuu tokko qopheessaa.

3.1.4 Caacculeefi Tooftaalee Baruufi Barsiisuu Gahumsaan Dubbisuu

Deeggarsi ogummaa barsiisummaa deeggasa ogummaa hiriyyeefi deeggaramtootaaf kennuu ofkeessatti hammata. Deeggarsi ogummaa barsiisummaa gaariin tooftaalee baruufi barsiisuu moodeela godhachuufi ruqaaleen dubbisuufi barreessuu mana barumsaa keessatti maaliif akka baratamanirratti hubannaa gabbisa.Dabalataan, barsiistonni afaan dhalootaa caacculee dubbisuufi barreessuu baruufi barsiisuu gadi fageenyaan hubachuun qabiyyee kitaabilee barattootaa manneen barumsaa sadarkaa jalqabaatiif qophaa’e gahumsaan barsiisuuf gahaa taasisa.Birkii xiqqaa kana jalatti dandeettiiwwaniifi beekumsa barsiistotaa irratti xiyyeeffachuun barattoonni hundi dubbisuuf barachuu akkasumas, barachuuf dubbisuu baayyee murteessaa ta’ee akka argatan taasisa.

Deeggartoota,

Adeemsa deeggarsa ogummaa barsiisummaa keessatti qabxiilee xixiqqaa itti aanan deeggaramtoota keessan waliin marii’attanii jirtu.Caacculee dubbisuufi barreessuu sirna barnoota afaan dhalootaa manneen barumsaa sadarkaa jalqabaa keessatti haalaan hojiiirra oolchuuf barsiistonni afaan dhalootaa hubannaa qabaachuu qabu.Deeggaramtoota keessan waliinbirkii barannoo kana xumuruu dhiisuu nidandeessuu. Garuu, deeggaramtoonni keessan tokkoo tokkoon caacculee dubbisuufi barreessuu sirna barnootichaa hubachuu mirkaneeffachuu qabdu.Kanaaf, deeggaramtoota keessan waliin ta’uun caacculee dubbisuufi barsiisuu irratti mari’achuun hubannaan isaanii sadarkaa olaanu irra gahuu beekuuf bu’a qabeessa ta’a.Kunis fooyya’insi raawwii barsiisotaa irrati kallattii beekumsaa, hubannoofi yaadrimeen dhufu baayyee murteessaadha.Kanaafuu, barsiistota kutaalee 1-4 barsiisaniiif caacculee shanan jalqabaa, barsiistota kutaalee 5-8 barsiisanii ammoo caacculee gahumsaan dubbisuu barsiisuuf birkii itti aanu keessatti waan dhiyaataniif walumaagalatti caacculee 7 deeggaramtoota keessan waliin ni qayyabattu.

Page 29: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

21

3.1.4.1 Hubannoo Sagalee Dubbii Barsiisuu

Hubannoon sagalee dubbii dandeettii sagaleewwan jechoota dubbataman keessa jiran dhagahuu, adda baasuufi sagaleessuuti. Hubannoon sagalee dubbii sadarkaa bu’uuraa dubbisuu barachu ta’ee, barattoonni jechoota dubbataman keessaa sagalee adda baasuu akkasumas, walitti makuu akka danda’an taasisa.Hubannoon sagalee dubbii dandeettiiwwan dhagahuufi sagaleewwan jechootaa adda baasuun sagaleessuu, jechoota sagaleewwan adda addaatti qoqqooduu, sagaleewwan walitti makuun jechoota ijaaruufi jechoota keessaa sagaaleewwan walfakkaatan adda baasuu ofkeessatti hammata.Barsiisaan/tuun kamiyyuu hubannoo sagalee dubbiirratti hubannoo qabaachuun haala gahumsa qabuun barsiisuu qaba/di.

Hubannoon salgaee dubbii daa’imman jechoota haaraa barachuu keessatti wanta mallattoon barreeffame ilaaluun akkaataa ittiin dubbisaniifi hiika isaanii jidduutti hariiroo uuman isaan gargaara. Adeemsi kunis, hubannoo sagalee dubii barattootaa dagaagsuu gaafata.Kana raawwachuuf immoo qabxiilee armana gadii xiyyeeffannoo keessa galchuu qabna:

• Baruufi barsiisuu hubannoo saglaee dubbii irratti salphaa irra gara walxaxaatti (irra deddeebii sagalee jechoota keessatti, hima qoqqooduu, birsaga walitti makuu, ka’umsaafi dhuma birsagaa walitti makuu, sagaleewwan jalqabaa adda baafachuu, sagaleewwan dhumaa walitti makuufi addaan qoqqooduu, sagaleewwan dubbii haquufi bakka buusuun itti fayyadamuuf) karoorsuu.

• Barannoo keessatti dandeettiiwwan hubannoo sagalee dubbii lama ykn sadii irratti xiyyeeffachuu.

• Wanti hubatamuu qabu, hubannoon sagalee dubbii qubee/boca qubee kan hindabalanne ta’uu isaati. Haata’u malee, bu’aa qabeessummaan isaa kan dabalu, yemmuu baruufi barsiisuun hubannoo sagalee dubbii baruufi barsiisuu qubeewwaniitiin hordofamee dubbisuufi barreessuun walqabatedha.

• Hubannoo sagalee dubbii barsiisuu keessatti gareewwan barattoota sadii hanga afurii of kessaa qbau wal jala jijjiiruufi baruufi barsiisuu dhuunfaatti fayyadamuudha.

Deeggartoota,

Qabxiileen armaan olii deeggaramtootaaf ifaadha?Yommuu waa’ee hubannoo sagalee dubbii barsiifnu jechoota dhumarratti sagalee walfakkaataa qaban fayyadamuun maaliif isinitti fakkaata? Isa kamtu daa’immaniif salphaadha: himoota jechootatti qoqqooduu ykn jecha sagaleewwanitti qoqqooduudha? Barsiisaa/tuufi barattootni akkamitti waliin ta’uun sadarkaalee hubannoo saglaee dubbii garaagaraa akka shaakaluu danda’an gadifageenyaan irratti mari’adhaa.

Baruufi barsiisuun hubannoo saglaee dubbii hojii dhagdubbiii ta’uu isaa hubadhaa.Kanatti aansuun hubannoo sagalee dubbii ilaalchisee hojiileen barsiistonni afaan dhalootaa barattoota waliin ta’uun daree keessatti raawwachuu qaban kennamanii jiru. Deeggaramtoota keessan waliin ta’uun gaaffilee itti aanan dabaree dabareedhaan walgaafachuun hojjedhaa (yommuu tokko gaafatu tokko immoo nideebisa/ti).

Page 30: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

22

• Sagaleen jalqabaa jecha Bite jedhu keessatti argamu isa kami:?• Sagaleen dhumaa jecha Lafa jedhukeessatti argamu isa kami?• Jechoota jechoota dhumarratti sagalee walfakkaataa qaban cimdeessi. Lafa, Nafa, Bahe, Gahe.• JechaMana jedhurraa sagalee /M/ yoo kaafne mala ta’a?• Jalqaba jecha ala jedhurratti sagalee /F/ yoo daballe jecha maal jedhu arganna?• Jecha ‘Ture’ jedhu keessatti, sagalee jalqabaa /M/bakka yoo buufne jechi haaraan uumamuu

maal ta’a?• Hima ‘Caalaan kitaaba dubbise’ jedhu keessatti jechootni meeqa akka argaman harka kee

walitti rukutuun agarsiisi.• Jecha ‘Luka’ jedhu sagaleewwanitti qoqqoodi.• Sagaleewwan /g/ /aa/ /r/ a/ jedhan walitti maki.

Deeggartoota,

Gabatee arman gadii deeggaramtoota keessan waliin guutuun poortifooliyoo isaanii keessa galchaa.Deeggaramaan/tuun tokkoon tokkoon caacculee hubannoo saglaee dubbiitiif kitaaba barattootaa afaan dhalootaa manneen barumsaa sadarkaa jalqabaa ilaaluun fakkeenya kalaquun nidhiheessu.

Caacculee baruufi barsiisuu hubannoo sagalee dubbii

Fakkeenyota ykan Agarsiisawwan

Sagaleewwan jecha keessatti walfakkaatan Hima qoqqooduuBirsaga walitti makuuBirsaga qoqqooduuSagalee dubbii jalqabaa adda baasuuSagalee dubbii jalqabaa walitti firoomsuu Jechootni lamaan sagalee walfakkaataan

jalqabaman kami? Deeme, Deege, Dalga.Sagalee dubbii dhumaa adda baasuu

Sagalee dubbii dhumaa walitti firoomsuu

Sagalee dubbii jidduu adda baasuu

Sagalee dubbii jidduu walitti firoomsuu

Sagalee dubbii walitti makuu

Sagalee dubbii addaan qoqqooduu

Sagalee dubbii haquu

Sagalee dubii bakka buusuu

Page 31: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

23

Deeggartoota,

Akkuma baruufi barsiisuun hubannoo saglaee dubbii raawwatameen baruufi barsiisuun hubannoo walitti dhufeenya qubeefi salgeen gaggeeffamuu akka qabu beekuun barbaachisaadha.Haaluma kanaan, birkiileen armaan gadii hubannoo walitti dhufeenya qubeefi saglaee barsiisuu ibsu.

3.1.4.2 Hubannoo Walitti Dhufeenya Qubeefi Sagalee Barsiisuu

Hubannoon walitti dhufeenya qubeefi sagalee dandeettii sagaleefi qubee walsimsiisuuti.Kunis, karaa dhagdubbiin barreeffamaan bakka buufamuuti.Kun immoo qubee adda baasuurraa egala.Itti aansuun, barattoonni walitti dhufeneya qubeefi salgaee gidduu jiru hubatu.Sanaan booda, jechoota haaraa dubbisuuf qubeewwan jecha keessa jiru walitti maku. Dabalataanis, sadarkaa qubee walitti makuuratti barattoonni birsagootaafi dhamjechoota walitti makuu barachuu nidanda’u. Akkasumas, hubannoon walitti dhufeenya sagaleefi qubee jechoota qubeessuu ofkeessatti nihammata. Tooftaan baruufi barsiisuu hubannoo walitti dhufeenya qubeefi salgaee dagaagsu saayinsii qubsagaa jedhama.

Hubannoon walitti dhufeenya qubeefi saglaee barattootaaf bu’aalee armaan gadii kenna.

• Qubeewwan baratan hatattamaan adda haafatu,

• Qubeewwan, birsagootaafi dhamjechoota walitti makanii dubbisuudhaan dubbisuurratti gahumsa horatu.

• Ofdanda’anii jecha niqubeessu.

• Qaama jechoota haaraa walitti makuun dubbisanii nihubatu.

• Jechoota sadarkaalee sagaleewwanii birsagootaafi dhamjechootatti qoqqooduun haala sirrii ta’een niqubeessu.

Bu’aalee kunneen galmaan gahuuf, baruufi barsiisuun hubannoo walitti dhufeenya qubeefi sagalee haala kallattiifi sirnaawwaa ta’een barattoota irradeddeebiin shaakalsiisuu barbaada.Kunis, barattoonni dubbisuufi qubeessuu akka baratan gargaaruuf dandeettii murteessaadha.Akkuma armana olitti ibsame, adeemsi baruufi barsiisuu hubannoo walitti dhufeenya qubeefi saglaee qabxiilee armana gadii of keessatti hammachuu qaba (Honing, Diamond and Gutlohn, 2000).

• Tartiiba ifa ta’eefi baruufi barsiisuu qubsagaa sinaawaa fayyadamuun walitti dhufeenya qubeewwaniifi saglaeewwan barsiisuu.

• Qubee irra deddeebii olaanaa qabu dursa barsiisuu

• Qubeewwan walfakkaatan walirraa fageessanii barsiisuu.

• Barattoonni beekums aargatan dubbisuufi barreessuu keessatti irra deddeebiin akka shaakalniif meeshaa adda addaa dhiheessuufii.

• Seeneffama jechoota hedduu qabu kanneen jechoonni achi keessatti armaan walitti dhufeenya qubeefi saglaeen dubbifamanii hubatamuu danda’an akkasumas, kan barattoonni baratanii darbaniifi barachaa jiran fayyadamuu.

Page 32: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

24

Deeggartoota,

Gaaffilee armaan gadiirratti deeggaramtoota keessan waliin ta’uun calaqqee dhiheessaa.

• Barattoota kee kutaa 1ffaa keessaa meeqatu afaan dhalootaa isaaniitiin qubee adda baasuufi barreessuu danda’a jettee yaadda? Baratoota kutaa 2ffaa keessaa hoo?

• Yoo barattoota kee keessaa muraasni qubee adda baafachuu nirakkatu ta’e, akka barsiisaa/tuu afaan dhalootaa tokkootti rakkoo kana maqsuuf qabxiilee olitti qorannoon adda bahan keesaa isa kam fayyadamuu qabda? Maaliif?

• Barattoonni kee muraasni afaan dhalootaa isaanii keessatti walitti dhufeenya saglaeefi boca qubee adda baafachuutti nirakkatu yoo ta’e, akka deeggaraa/tuu afaan dhalootaa tokkootti akkamitti moodeleessuun agarsiista? Rakkoo kana furuuf wanta mala dhahuuf ta’u qopheeffachuun karoora hojii wixinadhu.

Kutaa 1ffaa keessatti, jalqabarratti barattoonni akkaataa qubeefi salgaee isaanii walitti fidan ni barsiifamu. Itti aansuun, qubeewwan baratan walitti fiduun jecha ni ijaaru. Barattoonni kutaa 1 fi 2 keessatti dandeettii akkuma horataa deemaniin qaamolee jechaa akkaataa walitti fidaniifi addaan qoodan nibaratu. Kanaafuu, jechoota dhamsagootaafi birsagoota hedduu qaban dubbisanii hubachuu nijalqabu.

Deeggartoota,

Mee amma immoo jechoota armaan gadii deeggaramtoota keessan waliin ta’uun dhamjechootatti qoqqooduufi walitti makuu shaakala.Dabalataanis, haala kanaan walitti makuufi qoqqooduun daa’imman dubbisuu barachuuf akkamitti akka gargaaru irratti mari’adhaa.

qublamee hin nyaatu fardeendubdeebii mataduree jabbileesaroota barumsa sardiidaadeeme walbeeku of beeka af madda caasluga

Deeggartoota,

Deeggaramtoonni keessan qabxiilee armaan gadiirratti barreeffama qopheessuun poortifooliyoo isaanii keessa akka galchan taasisaa.

Birkii kana keessatti hojiifi marii gaggeessitan irratti hundaa’uun keeyyata afur matadureewwan ykn qabxiiwwan itti aanan irratti barreessaa:

1. Waa’ee faayidaa walitti dhufeenya hubannoo sagalee dubbii fi qubee,2. Tooftaalee baruufi barsiisuu barsiistonni dandeettii barattootaa cimsuuf fayyadaman,3. Mana barnootaa keessan keessatti hubannoo salgaee dubbiifi qubee barsiisuuf rakkoolee

mudatan, 4. Rakkoolee kanneen maksuuf yaada furmaata ta’u jettanii yaaddan,

Page 33: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

25

3.1.4.3 Gahumsaan Dubbisuu Barsiisuu

Gahumsaan dubbisuun dandeettii jechoota osoo bakka hin barbaachifnetti addaan hinkukkutiin dubbisuuti.Kunis, dandeettii sirrummaa, saffisaa fi ibsa waliin dubbisuu sirrii ta’een dubbisuuti.Namoonni gahumsa dubbisuu hinqabne dubbisa dhihaate dubbisanii hubachuurratti nirakkatu. Kanaafuu, gahumsaan dubbisuun haal duree hubannoo dubbisuuti.

Barattoota hordofuufi madaaluuf dubbisni sagaloos barbaachisaadha. Dhimma kana hojiirra oolchuudhaafis, tooftaalee baruufi barsiisuu armaan gadii fayyadamuun dandettii gahumsaan dubbisuu barattootaa fooyyessuu ni dandeenya.

Gabatee 4: Tooftaalee Gahumsaan Dubbisuu Barsiisuu

Tooftaalee Baruu fi Barsiisuu Shaakala Baruu fi BarsiisuuDubbisa irradeebii Barattoonni hanga dandeettii gahumsaan dubbisuu horatanitti

seeneffama ykn barreeffama tokko irradeddeebi’uun akka dubbisan taasisuu.

Dubbisa sagaloo qajeelchaan irra deddeebi’amu

Barsiistonni barattoonni akka seeneffama gahumsaan dubbisuu moodeleessaniif seeneffama jechoota haarawaa of keessaa qabu dhiheessuu qabu. Yemmuu barattoonni dubbisanis bakka rakkoo ta’anitti deegarsi barsiistota ykn barattootarraa taasifamuu ni danda’a. Jalqabarratti yaanni seensaa ni kennama. Itti aansuun barsiistonni akka moodeelaatti saglaee ol kaasuun ni dubbisu. Sanaan booda, barattootnni saglaee ol kaasuun ofii isaaniitii ykn walii isaaniitiif ni dubbisu. Adeemsi kunis irra deddeebiin raawwachuu qaba.

Dubbisa Hiriyaa Barreeffama dubbisuuf qophaa’e filachuun barattootaan walbarsiisuu. Kutaa barumsaa keessatti barattoota cimdiin gurmeessuu.Akkaataa itti fayyadama tarsiimichaa akka barattoonni hubatan adeemsa isaa moodeelessuu

Dubbisa Waloo Dubbisa tokko barattoonni kuticha keessaa hundi walfaana dubbisu. As irratti deggarsii fi hordoffiin barsiisotaa murteessaadha.

Dubbisa Owwaattoo Birkii barreeffama seenessaa, gaalee ykn Hima barsiisonni, hiriyyaan ykn Maatiin barattoota yeroo dubbisan, barattoonni immoo akkuma jarri dubbisanitti dubbisa owwaattoon irra deebi’anii ni dubbisu. Gocha kana hojjechuun dabareen ta’uu nidanda’ama.

Deeggaramtoota kee waliin ta’uun dubbisuu barsiisuu ykn gahumsaan dubbisuu barattootaa dagaagsuu tokkoon tokkoo tooftaalee gabatee armaan olii keessatti dhihaatan fayyadamuun barbaachisaadha.Yaaddeebii barattootaa galmeessanii qabachuun tooftaalee barsiisuuf barbaachisan keessaa murteessaadha.Birkii kana xumuruuf deeggaramtoonni yaaddeebii barattootaa haalaan qindeessuun yoo xiqqaate tooftaalee gahumsaan dubbisuu barsiisuu sadii portifooliyoo keessatti qabachuu qabu.

Page 34: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

26

Hojii Madaallii Gahumsaan Dubbisuu

Dandeettiiwwan baruufi barsiisuu basiistota afaan dhalootaa sadarkaa tokkoffaa keessaa tokko gahumsaan dubbisuu barattootaa madaaluudha.Gabateen itti aanu madaallii gahumsaan dubbisuu barattootaa sadarkeessuuf barbaachisan agarsiisa.Deeggaramtoota keessan waliin ta’uun gahumsaan dubbisuu barataa/ttuu tokko ykn lama ulaagaalee madaallii gabatee, armaan gadii irratti agarsiifame irratti hundaa’uun gabaasa qindaa’e portifooloo deeggaramtootaa keessa galchaa.

1. Jechoota meeqatu dogoggoraan dubbifame? (Baattoonni dogoggoraan dubbisan yemmuu jennus sagaleessa dogoggoraa, sagalee biraa bakka buusuun dubbisuu, haala faallaa ta’een dubbisuu, sagalee biraa itti dabaluun dubbisuu ykn immoo irradeddeebiin dubbisuu ta’uu ni danda’a)

2. Jechoota meeqa daqiiqaa tokko keessatti sirriin dubbisan? Sadarkaan sirrummaa isaanii hoo maalfakkaata? (Saffisni= jechoota sirriin dubbifaman X 60 sec. hiruu yeroo dubbisuurratti fudhate. Sirrummaa safaruuf ammo jechoota sirriin dubbifaman X 100 hiruu jechota waliigalaan dubbifamaniiti.

3. Barattoota madaalte sadarkaalee maal maalfaarratti ramadda?4. Tooftaalee baruufi barsiisuu gahumsaan dubbisuu barsiisuu armaan olitti gabatee keessatti

ibsaman keessaa isa kamtu barattootaaf gaarii ta’a jetta? Maaliif?

Barattoota Madaalte Sadarkeessuuf, Ulaagaalee Madaallii Armaan Gadii Fayyadami.

Sadarkaa Baayyee Baayyee Gaariif Sadarkeessuu (Sadarkaa 4ffaa)

• Gahumsaan dubbisuu dogoggora sirna tuqaalee hinqabne.

• Akka qooddattoota dubbisicha keessatti argamaniitti gahumsaan dubbisuu (Qooddattoota dubbisa keessatti argaman akkeessuun dubbisuu)

• Jechoota gahumsaan dubbisuu.

Sadarkaa Baay’ee Gaariif Sadarkeessuu (Sadarkaa 3ffaa)

• Gahumsaan dubbisuu dogoggora sirna tuqaalee baay’ee xiqqaa qabu.

• Akka qooddattoota dubbisicha keessatti argamanitti bifa garaagarummaa guddaa hin qabneen gahumsaan dubbisuu.\

• Jechoota haala gahumsaan dubbisuutti dhihaatuun dubbisuu.

Sadarkaa Baay’ee Gaariif Sadarkeessuu (Sadarkaa 2ffaa)

• Gahumsaan dubbisuu gartokkeen isaa dogoggora sirna tuqaalee qabu

• Akka qooddattoota dubbisicha keessatti argamaniitti hanga tokko gahumsaan dubbisuu

• Jechoota hanga tokko gahumsaan dubbisuu.

Page 35: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

27

Sadarkaa Gadi Aanaaf Sadarkeessuu (Sadarkaa 1ffaa)

• Sirna tuqaalee hedduu dogoggoruun dubbisuu• Akka qooddattoota dubbisicha keessatti argamaniitti dubbisuu dadhabuu

• Jechoota dubbisuurratti rakkachuu.

3.1.4.4 Fayydama Jechootaa Barsiisuu

Fayydamni jechootaa kallattiifi alkallattiin baratamuu danda’a.Kunis, beekumsa jechootaafi hiika isaaniiti.Barattoonni dandeettii fayyadama jechootaa gabbifachuuf carraalee hirmaannaa hedduufi si’ataa isaan barbaachisa.Ragaaleen qorannoo akka mul’isanitti, barsiisonni tooftaalee hedduu gargaaramanii dandeettii fayyadama jechoota barattoota isaanii gabbisuu nidanda’u (National Reading Panel, 2000). Qabxiileen armaan gaditti tarreeffaman fayyadama jechootaa barachuu barattootaa kan fooyyessanidha:

• Barattootaa hojiiwwan fayyadama jechoota haaraa of keessaa qaban kennuuf, akka isaan jechoota haaraa fayyadamanii hima ijaaran fakkeenya kennaniifi fakkeenyaan alaa fayyadaman, hiikaawwaniin walitti firoomsuu, jechoota hiika walfakkaataafii faallaa qaban barreessaniifi kkf raawwatan taasisuu;

• Jechoota haaraa jechoota beekamu waliin wal qabsiisuu;

• Jechoota haaraa haala garagaraa keessatti itti fayyadamuu;

• Barattootaaf carraa hedduu jechoota haaraa ittifayyadaman uumuufi;

• Barattoota dandeettiiwwan jechoota adamsuu barsiisuu.

Hojii Irra Olmaa Qajeeltoowwan Armaan Olii

Deeggartoota,Qajeeltoowwan armaan olii deeggara/tuu keessan waliin ta’uudhaan irratti mari’adhaatii tokkon tokkoo isaaniitiif haala isaan hojiirra itti oolan uumaa.

Meeshaalee sirna barnoota haaraa manneen barumsaa sadarkaa jalqabaa keessatti fayyadamni jechootaa akka jechoota dubbii afaaniifi fayyadama jechoota barumsaatti dhiyaatee jira.

Jechoota dubbii afaanii kanneen jedhaman jechoota yemmuu namni tokko dubbatu dhaggeeffannee hiika isaanii hubannuufi jechoota namoota biroo waliin dubbiif ittifayyadamnuudha.Jechoota barumsaa kanneen jedhaman immoo, jechoota barumsa keessatti waliin dubbiifi barreeffamoota keessatti fayyadamnuudha.Atiifi deeggaramaa/tuun kee waliin ta’uun garaagrummaa muraasa fayyadama garee jechoota lamaanii jidduu jiru irratti mari’achuun fayyadamni jechoota barumsaa gosa barnoota biroo barachuu keessatti hangam murteessaa akka ta’aniifi barsiisonni afaan dhaootaa barsiisan dandeettii fayyadama jechoota barumsaa kana barattoonni isaanii akka gabbifataniifi maal gochuu akka qaban addabaasaa.

3.1.4.5 Barreessuu Barsiisuu

Barreessuu jechuun qubeewwan afaanichaatti fayyadamuun yaadaa fi ergaa ofii dabarfachuudha.Kunis, adeemsa mallattoolee (Tartiiba qubeewwan afaanicha keessa jiranii, sirna tuqaaleefi addaan fageenya)

Page 36: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

28

fayyadamuun yaadaa fi ergaa keenya dabarfachuun dubbiftootaan waliigaluudha.Barreessuu barsiisuuf tooftaalee garaagaraatu jira.Isaanis: moodeleessuun barreessuu, waliiqooduun barreessuu, qajeelchaan barreessuu fi ofdanda’anii barreessuu.Moodeelessuun barreessuu keessatti barsiisonni tooftaaleefi amaloota barattoonni yemmuu barreessan barachuu qaban itti agarsiisu.Waliiqooduun barreessuu keessatti immoo, barsiisaa/tuufi barattoonni waliin ta’uun barreeffama qopheessuu.Barattoonni yaada maddisiisu. Barsiisaan/tuun barattoota waliin ta’uun yaada barattoonni maddisiisan sana gabbisu. Dabalataan barsiisaa/tuun gaaffilee akka barattoonni yaada maddisiisan taasisan gaafata/ti. Qajeelchaan barreessuun irra caalaatti kan barattoota jiddu galeeffate ta’ee gaheen barsiisaa/tuu immoo, yemmuu barattoonni ofdanda’anii kophaatti barreessan deeggarsa kennuudha. Akkuma barattoonni dandeettiifi ofitti amanamummaa barreessuurratti cimsachaa dhufaniin deeggarsi barsiisonni kennan xiqqaachaa deemuu qaba. Ofdanda’anii barreessuu keessatti barattoonni deeggarsa barsiisota isaanii osoo hineeggatiin ofdanda’anii barreessuu.

Tooftaaleen armaan olitti tuqaman kitaabilee afaan dhalootaa manneen barumsa sadarkaa jalqabaa keessatti dhiyaatanii jiru.Yoo hindhiyaannes barsiisonni afaan dhalootaa barsiisan tooftaalee barreessuu garagaraa armaan olitti eeramanitti fayyadamanii barreessuu barsiisuun barbaachisaadha.Atiifi deeggaramaan/tuun kee waliin ta’uun sadarkaalee kutaa fi dandeettii barreessuu barattootaa ilaalcha keessa galchuun gahee tooftaalee barreessuu kunneen dandeettii barressuu barattootaa gabbisuu irratti qaban ibsa.

Walgargaaruun BarachuuDeeggartoota,Keeyyattoonni gosoota afuritti qoodamuu danda’u. Isaanis: keeyyata addeessaa, keeyyata ibsaa, keeyyata seenessaafi keeyyata amansiisaa jedhamu. Dandeettii barreessuu barsiisuu, beekumsa duraan qabdu irratti hundaa’uufi barsiisota biroo gaafachuun tooftaalee garagaraa keeyyattoota kanneen qindeessanii barreessuun ittiin danda’amu dhiyeessi. Tokkoon tokkoo keeyyattoota kanneeniif kitaabilee afaan dhalootaa manneen barumsa sadarkaa jalqabaatiif qophaa’e keessaa fakkeenyota barbaaduun amaloota ijoo isaanii addaan baasaa.

Dabalataanis, sadarkaaleen barreessuu barattoota manneen barumsa sadarkaa jalqabaa keessa jiran barreessuu shaakalsiisuuf gargaaran nijiru.Sadarkaaleen barreessuu kunneenis fakkii itti aanu keessatti cuunfamanii dhiyaatanii jiru.

Page 37: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

29

3.1.4.6 Hubannoo Dubbisuu Barsiisuu

Hubannoo dubbisuu jechuun dandeettii barreeffama tokko dubbisuu, adeemsa hubachuufi hiika itti kenniti.Kunis, galma guddaa dubbisuuti.Hubannoon dubbisuu beekumsa barattoonni waa’ee matadurichaa ilaalchisuun duran qaban, odeeffannoo dubbisichaa gargaaramuun yaada ijoofi yaada callaa adda baasuu, hiika miiltawatti fayyadamuun dubbisichaa keessaa hiika argachuu of keessatti qabata.Yaad-rimee waa’ee hubannoo dubbisuu kanneen irraa wanti hubatamu qabu hubannoo dubbisuu barsiisuu barattoonni

A. Sadarkaa Barreessuun Duraa• Mata duree filachuu

o Bilisaan barreessuu/tuun kan filatu/tuo Akka irratti barreeffamuuf kan kenname.

• Kaayyoo barreessuu ibsuuo Qindeeffama caatootti fayyadamuu o Yaada maddisiisuutti fayyadamuu

• Gosa barreeffamichaa murteessuuo Odeeffannoo daangessuuo Dubbistoota adda baafachuu

• Ragaalee funaanuufi qindeessuu o Odeeffannoo qindeessuu o Odeeffannoo walfakkaatan bakka tokkotti gurmeessuuo Odeeffannoo barbaaduun irra deebi’anii tartiibessuu

B. Barreeffama Jalqabaa Barreessuu• Barreeffama jalqabaa akkuma yaanni namaa dhufeen barreessuu.• Dogongoroota uumaman sirreessuurra qabiyyee isaa qofaarratti

xiyyeeffachuu

C. Keessa Deebi’anii Dubbisuu• Barreeffama jalqabaa irra deddeebi’anii dubbisuu• Barreeffama jalqabaa keessa deebitanii dubbisaa jirtan sana

garee birootiif qoodaa.• Jijjiiramoota bu’a qabeessa ta’an raawwadhaa.• Barreeffama jalqabaa keessa deebi’amee dubbifame sana mir-

kaneeffachuuf dubbisaa

D. Gulaaluu• Himoonni hundi sirrii ta’uu isaanii mirkaneeffachuu • Dogongora qubeessuu, qubguddeessaafi sirna tuqaalee sirrees-

si.• Jechoota itti fayyadamni isaanii sirrii hintaane jijjiiri.

E. Barreeffama Xumuraa Qopheessuu• Barreeffama xumuraa qopheessi.• Barreeffama kee dubbistoota keetiif qoodi.

Fakkii 3: Sadarkaalee dandeettii barreessuu manneen barumsa sadarkaa jalqabaa keessatti ittiin dagaagsan

Page 38: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

30

dubbisa dhiyaate akka dubbisan taasisuufi gaaffilee muraasa gaafachuu qofarratti kan hinxiyyeeffanne ta’uu isaati. Dabalataanis, hubannoon dubbisuu barattoonni tarsiimoolee dandeettii dubbisuu isaanii akka dagaagfatan deeggaruufi dubbisa dhiyaate sana hubachuu isaanii hordofuu kan of keessatti qabatuudha. Tarsiimooleen kunneenis tooftaalee ofdandeessisuu jedhamuun beekamu.

Galmi guddaan dubbisuu hiika dubbisa keessaa argachuu waan ta’eef, barsiisonni afaan dhalootaa hubannoo dubbisuu barsiisuuf xiyyeeffannoo barbaachisaa kennuufi qabu. Kunis, hubannoo dubbisuu barsiisuun tooftaalee garagaraa ykn tarsiimolee qoodaman kanneen akka hojiiwwan hubannoo dubbisuun duraa, hubannoo yeroo dubbisuufi hubannoo dubbisuun boodaa kan barbaadu ta’uu isaati. Akkuma kanaan dura qajeelcha barsiisotaa ykn leenjiiwwan adda addaa irraa hubattanitti barsiisonni afaan dhalootaa barsiisan sadarkaalee sadeen hubannoo dubbisuu barsiisuuf tarsiimolee garagaraatti fayyadamuu qabu.

Deeggartoota,

Tarsiimoleen yemmuu hubannoo dubbisuu barsiiftan sadarkaalee adda addaa keessatti itti fayyadamuu qabdan gabatee armaan gadii keessatti dhiyaatanii jiru.

Atii fi deeggaramaa/tuun kee waliin ta’uun tokkoon tokkoo tarsiimolee gabatee itti aanu keessatti kennaman irratti mari’achuun sadarkaalee hubannoo dubbisuu barsiisuuf itti fayyadamtan jalatti ramada.

• Caasaa dubbisichaa adda baasuu• Madaaluu• Hubachuu hordofuu• Osoo dubbiftu dhaabuun itti yaaduu• Irradeddeebi’anii dubbisuu• Beekumsa duraan qabanitti fayyadamuu• Tilmaama isaanii mirkaneessuu• Maappii seeneffamichatti fayyadamuu• Yaadannoo qabachuu• Chaartii BBB tti fayyadamuu• Caatoo seeneffamaatti fayyadamuu.• Dubbisoota birootiin walqabsiisuu

• Yaada goolabaa qopheessisuu• Tilmaamuu• Itti fufanii dubbisuu• Yaada ijoo adda baafachuufi irra deebi’anii

himuu• Fakkii hubannoo uumuu• Cuunfuu• Fayyadama jechootaa murteessoo ta’an

dursanii barsiisuu• Jechootaafi beekumsa walqabsiisuu• Kaayyoowwan bu’ureffachuu• Gaaffiifi deebiitti fayyadamuu

• ______________________• ______________________• ______________________• ______________________• ______________________• ______________________

Tarsiimolee dubbisuun duraa

Page 39: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

31

Tarsiimolee hubannoo dubbisuu barsiisuuf armaan olitti kennaman keessaa kan sadarkaa hubannoo dubbisuu barsiisuu tokko ol jalatti ramadamuu danda’u isa kami? Tarsiimoleen kunneen haala qabatamaa hubannoo dubbisuu barsiisuu keessatti, akkamitti akka hojiirra oolan hubachuun baay’ee barbaachisaadha.Kanaaf, tarsiimolee hubannoo dubbisuu barsiisuuf fayyadan kanneen keessaa muraasa fudhachuun deeggaramtoota keetiif moodeleessuun bu’aa qabaachuu danda’a.

Deeggartoota,Birkii kana xumuruudhaaf deeggaramtoota keessaniif yemmuu hubannoo dubbisuu barsiiftan barannoo afaan dhalootaa lama moodeleessuun barbaachisaadha. Deeggaramtoonni barannoo daawwatan irratti hundaa’uudhaan calaqqee poortifooliyoo isaanii keessatti kuufamuu qabu niqindeessu.

3.1.4.7 Dhag-dubbii (Dubbachuufi Dhaggeeffachuu) Barsiisuu

Dhag-dubbiin dandeettii daa’imman afaan dhalootaa isaanii manaafi mana barumsaatti dhaggeeffachuu dubbachuuti.Dhaggeeffachuu jechuun dandeettii wanta namoonni biroo dubbatan dhaggeeffatanii hubachuufi hiika itti kennuuti.Wanta namoonni biroo dubbatan dhaggeeffatanii hubachuufi hiika itti kennuufis, looga ykn haala dubbataa/tuu, seerluga inni/isheen itti fayyadame/te, fayyadama jechootaa isaa/isheefi hiika dubbii isaa/ishee hubachuun barbaachisaadha.

Akkuma hubannoo dubbisuu barsiisuu, hubannoo dhaggeeffachuu barsiisuu keessattis, barattoonni dandeettiiwwan xixiqqaa dhaggeeffachuu armaan gadii akka dagaagfatan gargaaruun barbaachisaadha. Dandeettiiwwan xixiqqaan dhaggeeffachuu kunneenis:

• Namoonni waa’ee maalii akka dubbachuuf ta’an tilmaamuu

• Hiika jechoota ykn gaaleewwan haaraa tilmaamuu

• ______________________• ______________________• ______________________• ______________________• ______________________• ______________________

• ______________________• ______________________• ______________________• ______________________• ______________________• ______________________

Tarsiimolee yeroo dubbisuu

Tarsiimolee dubbisuun boodaa

Page 40: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

32

• Beekumsa duraan qabanitti fayyadamuun wanta dubbatamaa jiru sana hubachuu.

• Qabxiilee barbaachisoo ta’aniifi odeeffannoo barbaachisummaan isaanii xiqqaa ta’e adda baafachuu.

• Qabxiilee barbaachisoo ta’an qabachuu (yaadannoo qabachuu fi cuunfuu)

• Ibsoota dubbii keessatti argaman (Fkn. Gaariidha; gara biraatiin raajiidha, amala, xumurarratti; kkf) adda baafachuu.

• Jechoota yaada ce’umsaa agarsiisan (Fkn. Kunneenis, kan walqabsiisota, bamaqaalee, ibsootaafi kkf) adda baafachuu

• Faayidaa caaseffamoota olka’iinsaafi gad-bu’iinsa sagalee garaagaraa hiikaafi haala dubbiin keessatti dubbatame hubachuuf qaban beekuun barbaachisaadha.

• Odeeffannoo haala dubbataa ibsan (fkn. Ilaalcha dubbataa ykn wanta dubbatan barbaadu) hubachuun barbaachisaadha.

Dandeettiiwwan xixiqqaan dhaggeeffachuu armaan olitti kennaman kanneenis, sadarkaaalee hubannoo dhaggeeffachuu barsiisuu (sadarkaa dhaggeeffachuu duraa, sadarakaa yeroo dhaggeeffachuu fi sadarkaa dhaggeeffachuu booda) sadiitti qoodanii barsiisuun ni danda’ama.

Kaayyoon sadarkaa dhaggeeffachuun duraa:

• Fedhii barattootaa kakaasuuf;

• Beekumsa barattoonni duraan qaban gara mata duree haaraatti fiduuf;

• Fayyadama jechootaa murteessoo ta’an dursanii barsiisuufi beekumsa fayyadama jechootaa hubannoo dhaggeeffachuu keessatti barattoota gargaaran gabbisuu;

• Gosoota dubbisa hubannoo dhaggeeffachuu barsiisuuf qophaa’an dursanii baratoota hubachiisuufi kaayyoon dhaggeeffachuu isaanii maal akka ta’eefi gaheen isaanii dhaggeeffachuu sana keessatti qaban maal akka ta’e barattoota hubachiisuuf.

Kaayyoon sadarkaa yeroo dhaggeeffachuu dandeetii ergaa afaan dubbii keessaa barattooni akka hubatan taasisuu gabbisuuf gargaara.Barattoonni yaada waliigalaa fi odeeffannoo murtaawaa argachuu dhaggeeffachuu danda’u. Kaayyoon sadarkaa dhaggeeffachuu boodaa immoo, barattoonni dubbisa dhaggeeffatan sana hangam akka hubataniif maal akka hubtan adda baasanii madaaluufidha. Kunis, barattoonni hojiiwwan sadarakaa dhaggeeffachuun duraa, hojiiwwan yeroo dhaggeeffachuufi hojiiwwan dhaggeeffachuun booda jiran walqabsiisanii hubachuuf isaan gargaara.

Deeggartoota,

Xiinxala qajeelcha barsiisotaataasiftanirratti hundaa’uun, atii fi deeggaramaan/tuun kee sadarakaalee sadeen hubannoo dhaggeeffachuu kanneen keessattihojiiwwan dubbisuu barattooonni raawwachuu qaban adda baasuu dandeessuu?Muraasni isaanii akka itti aanutti tarreeffameera.

• Yoo barbaachisaa ta’e yaadannoo fudhachuu;

Page 41: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

33

• Beekumsa duraan qabanii wanta dhaggeeffataniin walqabsiisuu;

• Wanta dhaggeeffatan irra deebi’anii himuu;

• Wanta itti aanee dhufu tilmaamuu;

• Osoo dhaggeeffatan gaaffilee deebii kennuu;

• Wanta dhaggeeffatan cuunfuu

• Jechoota murteessoo ta’an dursanii barsiisuu

• Yaada waliigalaa argachuuf dhaggeeffachuu.

Dhag-dubbiin dabalataan dandeettii dubbachuu barsiisuu of keessatti ammata.Qajeelcha barsiisotaafi silabasii afaan dhaloota manneen barumsaa sadarkaaa jalqabaa keessatti tooftaaleen baruufi barsiisuu dandeettiiwwan dubbachuu barsiisuuf gargaaran armaan gaditti dhiyaatanii jiru.

Gabatee 5- Dandeettiiwwan dubbachuu

• Mariiwwan garee xixiqqaa • Wanta dubbatan cuunfuu• Wanta dubbatan irra deebi’anii himuu• Muuxannoowwan dhuunfaa himuu• Walfakkeenyaafi garaagarummaa waan

dubbtaa jiran adda baasuu.• Jiruufi jireenya hawaasa tokko himuu,

muuxannoo dhuunfaa, seeneffama hawaasaa himuu.

• Irra deebi’anii sagaleessuun dubbisuu • Tilmaamuu• Falmii gaggeessuu

• Ergaa dabarfachuu• Itti yaaduufi barbaaduu• Gaaffiifi deebii gaggeessuu • Of barsiisuu• Waan tokko ibsuu• Gahee taphachuu• Moodeleessuun dubbachuu • Wanta dubbatamu ifa gochuu• Yaada ofii sababa waliin ibsuu• Waliin dubbii gaggeessuu

Meeshaalee sirna barnootaa afaan dhalootaa manneen barumsaa sadarakaa jalqabaa keessatti wayitii barnootaa tokkoo (daqiiqaa 40’) keessatti qabiyyee barannoo lama ykn saditu barsiifama.Haala kana hubachuun barisisonni dandeettiiwwan afaan barsiisuu maleenya garagaraa walkeessa makuun barsiisuu akka qaban yaadachuu qabu.Bifuma walfakkaatuun dandeettiiwwan dhaggeeffachuu fi dubbachuullee malleen gara garaa walkeessa makuun fayyadamuun barsiifamu. As keessatti barattoonni muraasni ykn barisisaan/tuun yoo seeneffama tokko dhiyeessan barattoonni hafan seeneffacha dhaggeeffataa wanta seeneffamaa jiru sana cuunfuudhaan irra deebi’anii yaadota gurguddoo isaa seenessuu ykn himu. Adeemsuma walfakkaatuun barattooonni waliin dubbiifi gahee taphachuun dhiyeessu ykn falmii barattoonni biro gaggeessan dhaggeeffachuun ofii isaaniifillee yaada isaanii qindeeffachuun gahee taphachuun ykn falmii gaggeessuun ni’ibsitu.

Atiifi deeggaramaan/tuun kee tarsiimolee dhag-dubbiin ittiin barsiifamu kanneen armaan olitti ibsaman irratti waliin mari’adha.Marii keessan qajeelcha barsiistaafi silabasii afaan dhalootaa manneen barumsaa sadarkaa jalqabaatiif qophaa’e ilaaluun cimsa.

Page 42: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

34

3.1.4.8 Caasluga Barsiisuu

Sirna barnootaa afaan dhalootaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa keessatti caasluga barsiisuurratti maleenyota ijoo lamatu dhihaate. Isaanis, maleenya kallattiifi maleneya al-kallattii jedhamu. Akka scott (1990) jedhutti maleenyi kallattiin caasluga barsiisuu qo’annoo xiinxala seera caasluga kallattii fayyadamuurratti xiyyeeffachuun caasaan xinqooqaa fi qindoominni afanii akka hubatamu taasisa. Gama biraatiin, maleenyi al-kallattiin caasluga barsiisuu seerota caaslugaa, haala hubatamaa fi hiika qabeessa ta’e keesatti dhiheessuudha.Kanaaf, maleenya kanaan seeronnii fi caasaan afaanii fayyadama qabatamaa ta’een baratamu. Dabalataanis, maleenyonni caasluga barsiisuu maleenya waliigalaa gara murtaa’aa fi maleenya murtaa’aa gara waliigalaa jedhamuun qoodamuu ni danda’u. Maleenya murtaa’aa gara waliigalaa keessatti caaslugni dubbisa dubbifamu ykn dhaggeeffatamu keessatti dhihaata. Sanaan booda barsiistonniifi barattoonni seerotaafi caasaa afaanichaa dubbisa dhihaate keessaa nihubatu. Kunis muuxannoo seera haala qabatamaa keessatti fayyadu tokko irratti hundaa’uun tokko barreeffama dhihaate keessaa qajeeltoowwaniifi seerota jiran baasu/hubatu.

Maleenya waliigalaa murta’aa keessatti caaslugni kallattiin barisifama. Kunis, barattoonni seera waliigalaafi caasaa afaanii kallattiin shaakalu.

Kitaaba, barattootaa kutaa 1-4 keessatti caaslugni maleenya alkallattiin dhihaate kunis, dubbisawwanii fi seeneffamoota keessatti seeronnii fi qajeeltoowwan afaanii waliin qindaa’uun dhihaatanii jiru. Sirna barnootaa, afaan dhalootaa kutaa 5-8 keessatti immoo maleenya kallattiin caasluga barsiisuutu xiyyeeffatame.

Maleenyota Caasluga Basiisuu Lamaan Irratti Hubannoo Gadifageenyaa Horachuu

Deeggartoota,

Caasluga barsiisuurratti akka qaama adeemsa deeggarsa ogummaatti akkaataa caaslugni kitaaba barattootaa afaan dhalootaa kutaa 1-4fi 5-8 keessatti barsiifamu ilaalchisee bu’aa qabeessummaa isaa walbira qabuun qaaccessa qabiyyee taasisaa.Deeggaramtoota keessan waliin ta’uun sadarkaa kutaalee lamaan keessatti caasluga barsiifamu adda baasaa.Akkasumas, akkaataa qabiyyeewwan caaslugaa kunneen barsiifaman irratti mari’adhaa.Haaluma kanaan, kutaalee jalqabaa (1-4) keessatti maleenyi al-kallattii kutaa 5-8 keessatti immoo maleenyi kallattii maaliif akka fayyadu irratti hubannoo ifa ta’e qabaachuu qabdu. Kanarratti hundaa’unis, deeggaramtoonni faayidaalee fi miidhaalee maleenyota lamaanii irratti gabaasa haa qindeessan. Akkasumas, barattoota mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa caasluga barsiisuu irratti barannoowwan haa qopheessan.

Barannoowwan Caaslugaa Karaa Maleenyota Kallattiifi Alkallattiin Wixineessuu

Deeggartoota,

Akkaataa adeemsa deeggarsa ogummaa barsiisummaatti, deeggaramtoonni akkaataa caasluga kutaa 1-4 yookiin 5-8 ittiin barsiisan ni daawwatamu. Qajeelcha barsiistotaa fi ibsa maanu’aalii kanaa keessatti kenname irratti hundaa’uun, deeggaramtoonni barannoo seera caasluga murtaa’aa maleenyota kallattiifi alkallattii fayyadamuun akkamitti akka barsiisan kutaa garaagaraa yookiin barannoowwan keessatti

Page 43: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

35

wixineeffachuu qabu. Kanaafuu, deeggaramtoota keessan wajjin ilaalchotaa fi hubannaa seerota seerluga barattootaani xiinxaltu; akkasumas, maleenyota kallattiif alkallattiin seerluga barsiisuu irraa maaltu akka baratame gabaas ni qindeessitu.

Qorannoo gochaa Gaggeessuu

Deeggartootaa,

Qaaccessa kitaabilee irratti hundaa’uun deeggaramtoota keessan wajjin maleenya seerluga barsiisuu isa kamtu irra caalaa bu’a qabeessa akka ta’e hubachuuf qorannoo gochaa nigaggeessitu. Ragaan afaan barsiisuu, barannoon seerlugaa maleenyota lamaanuu walfaana fayyadamuu akka qabanu mul’isa.Barsiistonni sadarkaa barnootaa barattootaa fi seera barsiifamu irratti hundaa’uun maleenyota lamaan keessaa tokko fayyadamuu danda’u.Maleenyi seerluga barsiisuu kitaabilee sadarkaa tokoffaa irratti daangeffamus deeggaramtoota keessan wajjin maleenya seerluga barsiisuu isa kamtu barachuu barattootaa irra caalaa akka fooyyessuufi maleenya seerluga barsiisuu kamiin barattoonni aka filatan irratti qorannoo gochaa gaggeessitu.Gabaasa qorannichaas poortifooliyoo keessan keessatti kuufattu.

Burkiin kun, deeggaramtoonni tarsiimolee seerlugni sirna barnootaa sadarkaa tokkoffaa keessatti ittiin sororofamuu fi dagaaginni dubbisuu fi barreeessuu barattootaa haala ittiin deeggaramu sirriitti hubachuu danda’u qabu.

3.1.5 Baruufi Barsiisuu Daree Barnootaa Koornayaa Giddugaleeffata

Barsiistonni koornayaa giddugaleeffatan wantoota armaan gadiirratti xiyyeeffannoo gochuu qabu.

• Meeshaalee baruu fi barsiisuu keessatti fayyadamanirratti

• Jechoota daree keessatti fayyadamanirratti

• Haala taa’umsa daree barattootaarratti

• Qunnamtii barattoota waliin taasisuurratti

• Qoccollaa fedhii walqunnamtii saalaa irraa ofeeguurratti

Haaluma kanaan, barsiistonni koornayaa giddugaleeffatan:

• Meeshaalee barnootaa keessatti kallattii dhiiraa fi dhalaa ilaalchisee bifoota fakkiilee fi barreeffamootaan gahee walqixxummaa koornayaa mul’isan fayyadamuu qabu.

• Daree barnootaa keessatti jechootaas ta’ee mallattoowwan loogii koornayaa agarsiisanirraa of qusachuu qabu.

• Fayyadama jechoota, mammaaksotaa fi baacoowwan garee koornayaa tokkoo ol kaasanii kan koornayaa biroo immoo gadi qaban dhiisuu.

• Bamaqaalee koornayaa fo’anirra kanneen hinfoonne fayyadamu qabu.

• Barattoonni yemmuu dubbachaa jiranitti mallattoo bifa sochii qaamaatiin taasifamurratti xiyyeeffannoo kennuu qabu.

• Barattoota ija walfakkaatuun ilaaluun walqixa jajjabeessuu.

Page 44: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

36

• Barattoonni hundi hojiilee daree barnootaa keessatti si’aayinaan akka hirmaataniif haalli taa’umsa isaanii mijaa’aa ta’uu mirkaneeffachuu

• Barattoota dhiiraa fi dubaraaf carraa walixa hirmaachisu kennuu

• Koornayaa lamaaniifuu yaaddeebii ijaarsaa walqixa ta’e kennuu

• Hojiilee garee keessatti barattoonni hundi loogii koornayaa malee gahee akka taphatan taasisuu

• Baratoota dhiiraafis ta’e dubaraaf rakkoolee karaa adda addaan isaan qunnamurratti (rakkoo qaamaa, rakkoo xiinsammuu) gargaarsa walqixa ta’e kennuu.

• Wantoota koornayaa fo’uun dhiibbaa taasisan irraa of eeguu fi barattootarratti yoo kan mul’atu ta’erraa hatattamaan tarkaanfii sirreessaa fudhachuu.

• Barattoota shamarraniis ta’ee dhiiraa laafoo ta’an maatii ykn Gamtaa Maatii Barattootaa (GMB) waliin ta’uun gargaaruu.

Deeggartoota,

Daree barnoota afaan dhalootaa keessatti kornayaa giddu-galeeffachuun isaa karaan itti sakatta’amu keessaa tokko, walitti dhufeenya barsiisaa/tuufi barattootaa xiinxaluuni.Birkii kana xumuruuf wanti barbaachisaa ijoon deeggaramtoota keessan waliin wixinee daawwannaa daree barnootaa qopheessuun kutaa walii daawwadhaa.Isa booda, daawwannaa barannoo si’a lama lama gaggeessitan irratti hundaa’uun koornayaa giddugaleeffachuu deeggaramtootaa xiinxaluun poortifooliyoo deeggaramtootaa keessa galchaa.

3.1.6 Daree Hundammatoo Keessatti Tooftaalee Barsiisuu

Ka’umsa gadi aanaa dubbisuu barattootaaf sababoota hedduutu jiru. Isaan keessaa baayyee beekamoon:

A. Rakkoo moodeelessuun dubbisuufi muuxannoo jiruufi jireenyaan walqabatan

B. Rakkoo dandeettii dubbisuu qabaachuu

C. Rakkoo qaroofi

D. Rakkoo barachuu barattootaati

Rakkoon dubbisuu dadhabuu barattootaa baayyeen isaa barnoota idileen duraafi sadarakaa tokkoffaatii ka’a.Ka’umsa kanarratti sirriitti hojechuun ykn barsiisuun rakkoo kana ittisuun nidanda’ama.

Barsiisonni ga’umsaan dubbisuu barsiisan haala barsiisuu isaanii jijjiiruun fedha barattoota adda addaa walsimsiisuu qabu. Toofaalee baruu barsiisuu barattoota dubbisuu irratti rakkina qaban ittiin deeggaraman:

A. Baruufi barsiisuu fedha-heddee (surreen nama tokkoof hodhame nama hundaaf hin ta’u)

Barsiisonni fedha barattoota adda addaa guutuuf ciminaa fi fedha isaanii adda baafachuun barattoota fedha wal-fakkaataa qaban garee xixiqqaatti gurmeessuun karoora barsiisuu fedh-heddee irratti xiyyeeffatu qopheessuun barsiisu. Kana jechuun, barsiisotni dubbisa barsiisan dhuunfaan barattoota garee xixiqqaatti

Page 45: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

37

qoqqooduun akkaataa kanaan guutummaa daretti hojii irra oolchuu.

Dhiheessi dubbisuu sirna barnoota gaarii gahumsa baruufi barsiisuuti. Barsiisonni haala barsiisuu isaanii barattoota dubbisuu irratti rakkatanis ta’e kan dubbisuu iratti cimaa ta’aniif fedhii isaanii walsimsiisuu qabu. Fkn. Yeroo baratoonni of danda’anii dhuunfaan hojjetan itti fayyadama jechootaatti laafaa ta’an hiriyaa isaanii waliin ykn garee xixiqqaa keessatti shaakalu). Daree keessatti barattoota dubbisuu barachuu irratti rakkatan gahumsa dubbisuu barsiisuuf;

A. Dandeettii addaafi tooftaa barattoonni barachuuf fedhan ragaa sakatta’amerratti bu’ureffachuun barsiisuu,

B. Baruu barsiisuu sirnawaafi ifa gochuu,

C. Carraa shaakallii barattoootaa dabaluu,

D. Dubbisa sadarkaa dandeettii dubbisuu barattootaatiin dhiyeessuu (Baayyee salphaa ykn baayyee cimaa kan hintaane) fi

E. Barattoonni dandeetii barbaachisu horachuu isaanii madaaluun, yoo barbaachisaa ta’e tooftaan keessa deebi’anii barsiisuun fayyadamu.

B. Baruu if Barsiisuu Sirnaawaa Fayyadamuu

Baruu fi barsiisuu sirnaawaan of eeggannoon tartiibeffama.Kanaaf, dandeettiiwwan salphaa dandeettiiwwan baay’ee ulfaatoo dura barsiifamu.Dandeettiiwwan qubeewwan fi sagaleewwan isaan bakka bu’an akkaataa dursa daangaa fi tartiiba adda bahanii taa’aniin barsiifamu.Waan kana ta’ef, barachuu barattootaarratti hanqinni hin mul’atu.Haalli dhiheenya meeshaa haaraa barattoonni barachuurratti harkifatoo ta’an dandeettiiwwan murteessoo ta’an akka gonftaniif amansiisaadha. Kunis, irra caalaan tokkoon tokkoo barannoo shaakala dandeettiiwwan, tarsiimolee fi yaadrimeewwan dura dhihaatanii turan kan qabanidha.

C. Carraawwan shaakalaa Dabaluu

Barattoota dubbisuurratti laafoo ta’aniif sagantaa qophaa’e qofarratti hojiilee shaakalaa dhiheessuun dandeettiiwwaniifi tarsiimoolee barbaadaman gonfachiisun gahaa miti.Kanaaf, barattoonni akkasii yeroo dabalataarratti shaakala dhuunfaa deeggarsa bal’aa qabu barbaadu. Yemmuu shaakala qajeelchaa argatan yaaddeebii barsiisaa/tuu irraa waan argachaa deemaniif fooyya’iinsa agarsiisuu ni danda’u. Yaaddeebiin taasifamuufis yaaddeebii sirreessaa ta’uu qaba.Kun immoo barattoonni jijjiirama amalaa fiduun sirriitti akka hojjetan taasisa.

Barattoonni dogongora hojjetanis beekuun barbaachisaadha.Yoo yaaddeebiin sirreessaa ifa a’e hinkennamneef ta’es, dogoggora hojjetan bifa walfakkaataa ta’een itti fufu.Yoo akkas ta’e immoo dogoggoruma isaanii bu’aa hinqabne shaakalu.Walumaa galatti, barattoonni dubbisuurratti laafoo ta’an, sagantaa barnootaarratti dabalatee dubbisuurratti shaakala bal’aa taasisuu qabu.

Karaa carraalee shaakala dabalataa barattoonni dare barnootaa keessatti dubbisuurratti argachuu qaban keessaa tokko hiriyaan deeggaramanii dubbisuudha.Kunis, dandeettiiwwan baratanii darban irra deebi’anii akka waliin shaakalan taasisuudha.

Page 46: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

38

A. Tarsiimoolee fi Dandeettiiwwan Dubbisuu Dubbisa Keessatti Hojiirra Oolchuu

Kaayyoon dubbisuu dhugaa dubbisa dhihaate keessa dhaamsa hubachuudha.Akkasumas, kaayyoon barreessuu dhaamsa barreeffamaand abarsuudha.Baratoonni yemmuu dubbisanis ta’e barreessan dandeettiiwwan qubeessuu fi jechoota adda baasuu hojiitti hiikuu qabu. Adeemsi kunimmoo bifa moodeleessuun barsiistotaan deeggaramuu qaba. Dabalataanis, barattootaaf yaaddeebiin dubbisuu fi barreessuu isaaniirratti kennamuufii qaba.

B. Fooyya’insa Barattootaa Hordofuu

Manneen barnootaa baruufi barisisuun dubbisu haala gaariin adeemsifamu keessatti barattoonni madaalliiwwan dubbisuu idilee fudhachuudhaan fooyya’iinsi dubbisuu isaanii ni hordofama. Madaalliiwwan kunneenis barattoonni dubbisa daqiiqaa 1-2 fudhatu dubbisuun, yeroo kennameef kana keessatti jechoota meeqa sirriin akka dubbisan shallaguu of keessatti hammatu.

Bu’aan isaas bifa caatootiin qindaa’ee barsiistonni, barattoonnii fi maatiin barattootaa fooyya’iinsa mul’ate akka argan taasifama. Barsiisonni dubbisa barsiisanis fooyya’iinsa mul’ate kanarratti hundaa’uun fooyya’iinsa barattootaa saffisiisuuf adeemsa barsiisuu isaanii ni mijeeffatu. Manneen barumsaas, daa’imman hundi kutaalee jalqabaarratti dubbisuuf barachuu isaanii mirkaneeffachuuf, dubbisuu garee xiqqaa dabalataa ta’e uumuu nidanda’u.

3.2 Gargaarsa Deeggarsa Ogummaa Afaan Dhalootaa

3.2.1 Fedhiiwwan Deeggarsa Ogummaa Adda Baasuu

Fedhiin garaagarummaa hawwii namni tokko qabuufi qabachuuf hawwuudha. Fedhiiwwan deeggarsa ogummaa hanqinaalee barsiistonni ogummaa barsiisummaa keessatti kallattiiwwan beekumsaa, dandeettiiwwanii fi ilaalchawwan irratti qaban irratti hundaa’a. Isaan kun immoo gargaarsa karaa barsiistota deeggarsa ogummaatiin kanneen irratti hojjetamanidha.

Sakatta’insi fedhiiwwan deeggarsa ogummaa bakka itti deeggarsi ogummaa barbaachisu adda baasuuf tattaaffii taasifamuudha.Karaa biraatiin, sakatta’insi fedhiiwwan deeggarsa ogummaa deggaramtoonni kallattiiwwan beekumsaa, dandeettiiwwaniifi gahumsaan sadarkaa barbaadamu irra jiraachuu adda baasuuf gargaara.Fedhii deeggaramtootaa dursanii adda baasuun immoo kaayyoolee fi bu’aalee sagantaa deeggarsa ogummaa haala gaarii ta’een baruuf gargaara. Kanaaf, fedhiiwwan deeggaramtootaa haala tarsiimowaa ta’een sakatta’uun, sadarkaa isaan irra jiran irratti hundaa’uun sagantaa gaarii qopheessuun gargaaruuf fayyada(deeggaramtoota keessan waliin haala itti gabaasa qopheessitan ilaalchisee dabalee I ilaalaa). Akka deeggaraa/tuutti, sagantaa deeggasa ogummaa keessatti akka gulantaa jalqabaatti kanneen armaan gadiirratti xiyyeeffadhaa.

• Wanta deeggaramtoonni keessan dagaagfachuu barbaadan (karaa ogummaa fi namummaa) adda baaftanii hubachuuf, sakatta’insa fedhii gaggeessaa. Adeemsa kana keessatti deeggaramtooni si’aayinaan hirmaachuu qabu.

• Odeeffannoo sakatta’insa fedhiiwwaniitiin argaman irratti hundaa’uun karoora gochaa deeggarsa ogummaa deeggaramtoota keessan waliin qopheeffachuu qabdu.

Page 47: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

39

Yaadolee olitti kennaman lamaan iraa gaaffilee barbaachisoo lamatu ka’a:

i) Deeggartoonni adeemsa sakatta’insa fedhiiwwanii gaggeessuuf akkamitti mijeessu?

ii) Deggartoonni bu’aa sakatta’insa fedhiiwwaniirraa argamu akkamitti gara karoora

gochaa deeggarsa ogummaatti jijjiiru?

Gaaffiin jalqabaa dhimma qaama maanuwaalii deegggarsa ogummaa barsiistota afaan dhalootaa kanaa yemmuu ta’u, gaaffiin lammaffaa immoo dhimma birkii xiqqaa ittaanee dhufu keessatti dhihaachuu qabudha.

Sakatta’insi fedhiiwwan deeggarsa ogummaa, deeggartoonni tarsiimoo addda addaa fayyadamuun odeeffannoo waa’ee deeggaramtootaa funaananiidha.Akkasumas, hanqinaalee isaan karaalee beekumsaa, ilaalchaa, gahumsa dhuunfaafi raawwii ykn gahumsa waliigalaatiin isaanirratti mul’achuu danda’an hubachuudha.Tarsiimoleen kunneenis, gabaasa dhuunfaa deeggaramtootaa fi ragaa deeggartoonni maddawwan adda addaa irraa walitti qaban hammachuu ni danda’u.

Deeggara/tu, mee barsiistota afaan dhalootaa muummee kee keessa jiran keessaa tokkoof deeggarsa ogummaa kennuuf ramadameteetta haa jennu. Gargaarsa deeggarsa ogummaa eessa irraa eegalta?

Guyyaa 1: Akkuma ergama kee jalqabduun, adeemsaawwan armaan gadii hojiirra oolchuu nidandeessa.

1. Osoo deeggaramtoota kee waliin walagartee hojii hin eegaliin, akka deeggaraa/tuu tokkootti gaheewwanii fi ittigaafatamummaa sirraa eegamu sirriitti hubadhu. Kanaafis, maanu’aalii deeggartoota afaan dhalootaafi wixinee deeggarsa ogummaa afaan dhalootaa sirriitti dubbisuun barbaachisaadha. Dabalataanis, namoota biroo deeggarsa ogummaa kennanis yoo jiraatan mariisisuu ni dandeessa.

2. Kanaan dura waa’ee deeggaramtoota kee ilaalchisee odeeffannoo hinqabdu yoo ta’e, dursii argachuudhaaf yaali. Odeeffannoon kunis, seenaa raawwii ogummaa barsiisummaa deeggaramtootaa, kaka’umsa hojii isaanii, carraaqqii hojii isaanii fi sadarkaa barsiisummaa isaan irra jiran of keessatti hammachuu ni danda’a. Yoo barbaachisaa ta’e, poortifooliyoo dagaagina ogummaa walitti fufaa fi bu’aawwan madaallii raawwii sakatta’uu fi ittaanaa mana barumsaa waliin af-gaaffii gaggeessuun ni danda’ama. Dhimma kana of eeggannoo guddaan gaggeessuu qabda. Yoo adeemsa hojichaarratti rakkoo fida ta’es dhiisuu ni dandeessa.

3. Guyyaa jalqabaa haala ittiin deeggaramtoota waliin deemtu murteessi. Kun immoo ofeeggannoowwan taasisuu qabdu keessaa isa guddaadha. Odeeffannoo waa’ee deeggaramtoota ilaalchisee kanaan dura argatte haalaan hojiirra oolchuudhaaf yaali. Sagantaa kee yemmuu dhiheessitu akkaataan deemsa keessanii carraa waliin barachuu uumuudha malee akka barattootaafi barsiisaa/tuu akka hintaane mirkaneessi.

4. Ati baayyee dubbachuurra deeggaramtoonni baay’ee akka dubbatan jajjabeessi. Deeggaramtoonni gaaffii adda addaa akka sigaafatan kakaasi. Kun immoo kara alkallattii ta’een hubannoo isaan

Page 48: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

40

waa’ee sagantichaa ilaalchisee qaban hubachuuf sigargaara. carraa kanaan fayyadamuun (deebii gaaffii irraa argamu) saganicha haala gaariin hubachuun akka qopheessituuf sigargaara.

5. Adeemsa keessatti dhimmoota barannoo kitaaba barattootaa haaraa afaan dhalootaa keessaa caacculee dubbisuu fi maleenya baruu fi barsiisuu irratti xiyyeeffachuun marii geggeessaa.

Itti aansuudhaan deeggeramtoonni kee hojiilee baruufi barsiisuu keessatti hojjachuu qaban hojiirra oolchuu isaanii gaaffilee armaan gadii fayyadamuun mirkaneessi

a) Barannoo kitaabilee haaraa afaan dhalootaa keessatti wantoonni haaraa ta’an maalfa’i?

b) Barannoowwan kitaabilee haaraa afaan dhalootaa kunneen sitti toluu? Maaliif?

c) Dandeettiiwwan dubbisuu barsiisuuf gara caacculee adda addaatti qoqqooduun barabachisaadha? Maaliif?

d) Haala gaarii ta’een dubbisuu fi barreessuu brsiisuuf moodeelli baruu fi barisisuu “nan hojjedha, ni hojjenna, ni hojjettu” jedhu mijaawwaadha jettee yaaddaa? Maaliif?

e) Akka yaada keessatti, sirni barnoota haaraa afaan dhalootaa jalqabame haala barbaadameen mana barumsaa kee keessatti hojiirra oola jettee yaaddaa? Gufuuwwan mudatan maalfa’i? Gufuuwwan kunneen haala kamiin furmaata argachuu danda’u?

6. Deeggarsa ogummaa afaan dhalootaa keessatti gahumsaafi dandeettiiwwan deeggaramtoonni barbaadan adda baasuuf unka dursee qophaa’e akka guutan taasisi. Gaaffilee lakkoofsa 5ffaa jalatti dhihaatan fooyyessuun fayyadamuu ni dandeessa.

Akka filannootti unka amraan gaditti gabateen dhihaate fayyadamuu nidandeessa.

Unka sakatta’insa Fedhiiwwanii (Gabaasa Dhuunfaa)

Unka 001____________________

Maqaa Deeggaramaa/tuu:_______________ Guyyaa _____________________

Dhimmoota barannoowwan haara afaan dhalootaa keessatti hammataman

Iddoo rakkoo ta’edha

Iddoo rakkoo hin taanedha

Hojiirra hin oolu Yaada

1) Qabiyyeewwan caacculee dubbisuu sirriitti hubachuu ilaalchisee:

i. Hubannoo sagalee dubbii ii. Hubannoo walitti dhufeenya sagalee dubbii fi qubee iii. Gahumsaan Dubbisuu iv) Fayyadama Jechaa v) Hubannoo Dubbisuu vi) Hubannoo Dhaggeeffachuu vii) Barreessuu viii) Caasluga

Page 49: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

41

2) Hojiirra oolmaa maleenya baruu barsiisuu kallattii (ifaawaa) ilaalchisee:i. Nanhojjedha

ii. Ninhojjenna iii. Nihojjettu3) Hojiirra oolmaa baruufi barsiisuu fedh-heddee.

4) Meeshaalee barnootaa dabalataa afaan dhalootaa barsiisuu gabbisan eeruu.

Sirna barnoota haaraa afaan dhalootaa barsiisuu keessatti iddoowwan biroon sitti ulfaatan ykn gargaarsa irratti barbaaddu tarreessi:

___________________________________________________________________________________

___________________________________________________________________________________

Unkaan kun battalumatti guutamuu kan qabu yoo ta’ullee, haala qabatamaa jiru irratti hunda’auun deeggaramtoonni manatti fudhatanii guutuun sagantaa marii itti aanurrattiakka fidan taasisuun ni danda’ama.

7) Marii itti aanuuf sagantaa qabadhu (daawwannaa daree ta’uu ni mala). Deeggaramtoonni kee

mariiwwan siwaliin geggeessaniif galateeffachuu hindagatiin.

Qabxiilee Dabalataa Hojiirra Oolan: Osoo marii itti aanuuf hindhihaatiin yoo xiqqaate hojiilee armaan gadii raawwadhu:

Odeeffannoo marii guyyaa jalqabaa gadifageenyaan xiinxaluun deeggarsa ogummaa kennuuf hanqinaalee mul’atan adda baafadhu. Kanaaf, gaaffilee armaan gadii of gaafachuu ni dandeessa.

Deeggarsa ogummaa kennuuf hanqinaaleen ani hubadhe maalfa’i?

Hanqinaalee hubataman keessaa kanneen marii itti aanurratti xiyyeeffatamuu qaban isaan

kami?

Yaada koo cimsee goolabuuf odeeffannoo dabalataan ani barbaadu maalfa’i?

Odeeffannoo dabalataa akkanaa eessaan argachuu danda’a?

Page 50: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

42

Guyyaa II. Akka sirna barnootaa haaraa afaan dhalootaatti bu’aaleen marii guyyaa

jalqabaa gahumsa deeggaramtoonni sirna barnoota haaraa afaan dhalootaa qabanirratti yoo xiyyeeffatu, hojiilee guyyaa lammaffaa caalmaatti daawannaa daree barnootaa irratti xiyyeeffata. Hojiilee guyyaa lammaffaa raawwachuu keessattiwantoonni tartiibaan hojiirra oolan kanneen armaan gadii ta’u (akka waan daawwannaan daree barnootaa geggeeffamuutti fudhadhu):

1) Qophii:

a) Marii daawwannaa dareen duraa mijeessuu:

Kaayyoo daawwannaa daree haala gabaabaafi ifa ta’een deeggarama/tuu ibsi. Kunis, guyyuma daree barnootaa seenuuf karoorfattu ykn isaan dura ta’uu ni danda’a.

b) Waa’ee caacculee murteessoo barannoo guyyaa beekuu. Kitaaba barattootaafi qajeelcha barsiistotaa dubbisuudhaan barannicharratti of qopheessi. Kunis, waan barsiisaa/tuu irraa eegamu beekuufi raawwii barsiisaan/tuun hojiirra oolchite walbira qabdee ilaaluuf si gargaara.

c) Unka daawwannaa barannoo harkatti qabadhu. Akkasumas, qabiyyeen unkichaa qabiyyee qajeelcha barsiistotaa keessa jiru waliin kallattiin walqabachuu isaa mirkaneessi (Iddattoo unka daawwannaa daree dabalee II fi III keessa jiru ilaali).

2) Unka daawwannaa barannoo fayyadamuun daree barnootaa daawwadhu. Tokkoon tokkoo hojii daree barnootaa keessatti geggeeffamu qajeelcha barsiisotaa afaan dhalootaan walqabatee kanneen deeggaramtoonni hojjechuu danda’aniifi hojjechuun irraa eegamu adda baafachuuf ta’uu qaba.

3) Daawwannaa dareen booda deeggaramtoota waliin marii osoo hingeggeessin dura yeroo xiqqoo fudhachuun hanqina; ciminaafi wanta fooyya’uu qabu irratti calaqqee dhiheessuuf qophii taasisi. Kanaafis, qabxiilee ijoo qindeeffachuun marii daawwannaa boodaaf qophii hatattamaa taasisi.

4) Deeggaramtoota kee waliin marii daawannaa daree booda geggeessi. Kaayyoon marii kanaas, waanta karoorfameefi daawwatame walbira qabuun deeggartootaaf gabaasuudha.

yommuu gabaasa dhiheessitus, jechoota hiriyyummaa calaqqisiisan fayyadami. Qajeelchi barsiistotaa kan ajajuuf kan barsiisaan/tuun daree barnootaa keessatti raawwate/tte gidduu garaagarummaa uumame irratti deeggaraan/tuun akka ibsa kennu/tu taasisi. Adeemsi kun murtoo dogoggora fiduurraan akka hingeenye si taasisa.

Hubachiisa: Daawwannaa daree si’a tokkoo qofa’a irraa waa’ee gahumsa barsiisuu deeggaramtoota keetii ilaalchisee odeeffannoo guutuu argachu hindandeessu. Fakkeenyaaf, barannoon guyyaa sanaa caacculee dubbisuu hunda hammachuu dhiisuu nidanda’a. Haata’u malee, odeeffannoo marii guyyaa jalqabaafi gabaasa dhuunfaa deeggaramtootaa fayyadamuun agarsiiistota muraasa argachuu nidandeessa. Dabalataanis, karoorri gochaa deeggarsa ogummaa odeeffannoo kanaan walqabatee argame irratti hundaa’uun adeemsaan jijjiiruun karoorsuun nidanda’ama.

Page 51: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

43

Qabxiilee Dabalataa Hojiirra Oolan: (Marii itti aanuun dura): Odeeffannoo ragaalee maddawwan hunda (marii deeggaramtoota waliin, daawwannaa daree, gabaasa dhuunfaa deeggaramtootaafi kuusaa ragaalee adda addaa) irraa argaman irratti xiinxala gadi fageenya qabu gaggeessi. Kaayyoon kanaas, deeggarsa ogummaa keessatti hanqinaalee mul’atan hubachuudha. Hanqinaaleen kunneenis: kanneen beekumsa, ilaalchaafi dandeettiiwwan barbaadaman irratti xiyyeeffatan ta’uu qabu. Kunis, adeemsa deeggarsa ogummaa keessatti furmaata argachuun isaanii sakatta’amuu qaba.

Afaan dhalootaa barsiisuu keessatti hanqinaaleen karaa deeggarsa ogummaa maal fa’i? Wixineen dagaagina ogummaa walitti fufaa biyyoolessaa (MoE, 2009) hanqina bulchiinsaa adda baaseera. Fkn.Yoo barsiisaan/tuun sababa kitaabni barattootaa gahaan hinjirreef haala qajeelcha barsiiftotaa irra jirutti barattoota barnoota irrtti qooda fudhachiisuu baatee, kun rakkoo bulchiinsa waan ta’eef deeggaramtoonni gaggeessitoota mana barumsaa waliin hojjechuu qabu. Garuu, yoo deeggaramtoonni caacculee dubbisuu hubachuu irratti rakkoo qabu ta’e ykn caacculee dubbisuu irratti haala barattoota ittiin deeggaran irratti rakkoo qabachuun isaanii adda bahe, mata dureen kun bakka irratti deeggartoonni gargaarsa ogummaa deeggaramtootaaf kennan ta’a.

Hanqinaaleen ijoo erga adda bahanii booda, deeggaramtoota wajjin mari’achuun nidanda’ama. Kanaaf, hanqina mul’ate ragaalee walitti qabame fayyadamuun dhiyeessaa. Haalli dhihaannaa deeggartootaa, deeggaramtoota kan aarsu ykn haamilee isaanii kan cabsu akka hintaane mirkaneeffadhaa. Haala dhihaannaa deeggartootaa ilaalchisee gorsa armaan gadii hordofuun barbaachisaadha:

• Kaayyoo shaakaloota kunneenii yaadachiisi: Barnoota haaraa afaan dhaloota barsiisuu fooyyessuuf carraaqqiin deeggaramtootaa wixinee waliin barachuu keessatti barbaachisaa ta’uu isaa yaadachiisi.

• Hanqinaaleen kunniin kallattiin akka isaan hinilaalle deeggaramtoota kee yaadachiisi. Eenyuyyuu taanaan barsiisuu irratti hanqina qabaachuu akka danda’u hubachiisi.

• Yommuu yaada kana dhiheessitu haala murtee dabarsuutiin akka hintaane eeggadhu. Fkn, daree barnootaa keessatti wanti daawwatamee ….

Haaluma walfakkaatuun, gabaasa dhuunfaa kee keessatti atis agarsiistee jirta. Dabalataanis, roostera (kuusaa qabxii) samisteera darbee irraa akkan hubadhetti…. Kanaafuu, yaanni kun … [Hanqina beekumsaa, dandeettiiwwaniifi ilaalchaa kan agarsiisu natti fakkaata]. Yaanni ani jechaa jiru fudhatama qabaa?

Hanqinaalee ijo mul’atan irratti erga waliigalteen taasifamee booda,akkataa barbaachisummaa isaaniitti duraa duubaan kaa’uudha. Sababni isaas, hanqinaalee hunda altokkotti furuu waan hindanda’amneef.

Hanqina mul’atan furuuf, deeggaramtonni duraa duuba cimina rakkinichaa barachuun si’ayinaan xiyyaffatanii barachuun barattootaa bu’aqabeessa akka ta’uufi deeggarsa ogumma bakka itti barbaadan adda baasuuf isaan gargaara.

Page 52: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

44

Hariiroo Deeggaramtootaafi Deeggartoota Gidduu Jiru waliigaltee Barreeffamaan Kaa’uu

Hanqinnaaleen jiran erga adda bahanii booda, deeggaramtoonniifi deeggartoonni waliigaltee gara fuulduraa irratti akka bifa ragaatiin taa’uutti raawwachuu qabu. Kanaafis, unka armaan gadii fayyadamuun ni danda’ama:

Unka Waliigalaa Kenniinsa Deeggarsa Ogummaa Unka 002

Kenniinsi deeggarsa ogummaa muuxannoo argachuufi kennuu ta’ee galma ga’iinsa muuxannoo gahaafi jajjabeessaa miiltoowwan lamaaniif (deeggaraa/tuufi deeggaramaa/tuu) kan kennamuudha. Miiltoowwan lamaanuu yeroofi tattaaffii waliin taasisan kabajuu qabu.Unki armaan gadii sagantaa walga’ii keessanii haala isin mijeessuu danda’uun qophaa’ee dhiyaatee jira. Kanaafuu, unka kana guutuun mallatteessaa.Tokkoon tokkoo miiltoo unka guutame haftee tokko harkatti qabachuu qabu. Haftee tokko immoo itti aanaa qindeessaa mana barumsaatti kennamuu qaba.

1. Maqaa deeggaramaa/tuu ____________________________________________2. Sa’aatii walga’ii ___________________________________________________3. Guyyaa walga’iif filatame __________________________________________4. Baay’ina walga’ii yeroo murtaa’e keessatti(Fkn turban tokko keessatti ykn turban lama)

keessatti ______________________________________________________5. Walumaa galatti turtii walga’ii: _____________________________________6. Karaa filatamaa deeggaraa/tuu ittiin qunnaman:______________ykn _________7. Karaan filatamaa deeggaramaa/tuu ittiin qunnaman:_________ykn ______________8. Sagantaa qabame wanti danqu yoo uumame, miiltoowwan sagantichi jijjiiramuu isaa

sa’aatii _________dura wal beeksisuu qabu.Mallattoo deeggaraa/tuu:___________ Guyyaa _______________Mallattoo deeggaramaa/tuu__________ Guyyaa ______________

3.2.2. Gargaarsa Deeggarsa Ogummaa Afaan Dhalootaaf Karoorsuu

Akkuma beekamu, karoorri wanta hojjechuu barbaadan irratti dursanii murtee kennuudha. Murteen kennamu kunis, yoo xiqqaate gaaffilee torba of keessaa qabaachuu qaba. Isaanis: Maaltu akka hojjetamu? Maaliif akka hojjetamu? Akkamitti akka hojjetamu? Yoom akka hojjetamu? Maaliin akka hojjetamu? Hangam akka hojjetamu? Galma ga’iinsa karoora keetii akkamitti akka dhugoomsitu ? of keessatti hammata. Amma fedhii deeggarsa ogummaa barsiisota afaan dhalootaa ilaalchisee kanneen dursi kennamuufii qaban irratti hundaa’uudhaan gaaffilee armaan olitti kennamaniif deebii kennuuf qophooftee jirta jedhamee yaadama.

Deeggarsa ogummaa barsiisummaa kennuuf karoorfachuun deeggaraman/tuun kee ga’umsaan deeggaramuu mirkaneeffachuuf gargaara. Karoorsuun hojii deeggaramaa/tuu kee akkamitti akka hoggantu, raawwattu, madaaltuufi sagantaa karoora raawwii akka qabaattu taasisa.Haalotaafi muuxannoo irratti hundooftee karoora kee fooyyessaa deemuu hindagatiin.

Page 53: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

45

Karoorsuun Deeggartootaaf miti deeggaramtoota waliin malee:

Deeggarsa ogummaa kennuuf karoorsuun hojii deeggartoonni deeggaramtoota isaanii waliin ta’uun raawwachuu qabaniidha. Takkaa hanqina deeggaramtoota (hanqina ga’umsa deeggaramtootaa) keetii irratti walii gallaan deeggarsa barbaachisuu kennuuf karoorfachuun ulfaataadha jedhamee hinyaadamu. Adeemsa karoorsuu keessatti deeggaramtoota kee deegartee qaama karoora keetii gochuuf tarkaanfii tokkoo ol deemtee jirta. Guca armaan gadii fayyadamuun barbaachisaa ta’a.

Qabxii/iddoo fooyya’iinsa barbaadu 1………2………3………

Qabxii/iddoo fooyya’iinsa barbaadu kana fooyyessuuf maal hojjechuu qaba?

1………2………3………

Milkaa’ina fooyya’iinsa qabxii kanaa akkamii nan mirkaneeffadha?

1………2………3………

Qabxiileen/iddoon fooyya’iinsa barbaadanis, hojii sakatta’iinsa fedhii gaggeeffameen duraa duubaan adda baheen ta’uu danda’a. Kana waan ta’eef, deeggaramtoonni yeroo muraasa fudhatanii hojiilee dagaagina ogummaa cimsuun hanqina isaanii guutan adda baaftuu. Kunis, hojiilee karoorsuu mirkaneeffachuudhaaf akka ciicatatti nifayyaduudha.

Karoorsuun Sadarkaalee Walitti Fufaa Of Keessatti Hammata

Akkuma ati beektu, karoorsuun sadarkaalee muraasa of keessaa qaba. Isaan ijoo ta’an, siyaadachiisuufis, armaan gaditti tarreeffamanii jiru. Akkaataa caacculeen garagaraa walitti dhufanii unka armaan gadii keessatti ilaali.

Sadarkaa I: Kaayyoowwan Galma Gahuu Danda’an Qopheessuu

Kaayyoo ifa ta’eef galma gahuu danda’u sammuu keessaa qabaachuun karoora deeggarsa ogummaa murtaawaa fedhiifi wanta deeggaramtoonni kee si irraa eegan guutuu qopheessuuf s gargaara. Kanaafuu, qabxiilee sakatta’iinsa fedhiitiin adda bahanii dursi kennameef irratti karoora murtaawaa, madaalamaa, galma ga’iinsa, qabatamaafi daangeffamaa (MMGQD) ykn SMART bu’aa eegamu ibsu danda’u qopheeffachuu qabda.

Page 54: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

46

Hubachiisa: Kaayyoo MMGQD (SMART) jechuun:M (Murtaawaa) kaayyoon murtaawaan kaayyoo waliigalaa caalaa carraa hojii irra ooluu ol-aanaa qaba. M (Madaalamaa): Kaayyoo qopheeffatte ilaalchisee ulaaagaalee qabatamaa fooyya’iinsa kaayyoo qophaa’e sana safaruuf si gargaaru kaawwachuu. G (Galma ga’iinsa): Kaayyoowwan siif baay’ee murteessaa ta’an yoo adda baaftu karaalee isaan galma ittiin gahuu danda’aniin qopheeffachuun eegalta. Q (Qabatamummaa): Kaayyoon kee qabatamaa ta’uudhaaf wanta ati raawwachuu dandeessuufi wanta ati akka raawwatamuuf fedhii guddaa itti horatte dirqama bakka bu’uu qaba.D (Daangeffamaa): Kaayyoon kee wixinee yerootiin daangeffamuu qaba. Kaayyoon yoo yeroon hindaangeffamne galma kaa’ameef gahuu hindanda’u.

Sadarkaa II. Hojiiwwan/gochoota Addaan Baasuu

Deeggaramaa/tuu kee waliin ta’uun kaayyoowwan qopheeffattan kannen galmaan gahuuf hojiiwwan murtaawaa hedduu adda baafadhu. Hojiiwwan kunneen wantoota atiifi deeggaramaan/tuun kee waliin ta’uun raawwattan (Fkn. caacculee hubannoo dubbisuu garagaraa irratti mari’achuu ykn waliin ta’uun dalaguu; wanta deeggaramaan/tuun kee kophaatti raawwatu/ttu (Fkn. Maleenya baruufi barsiisuu dubbisuuf kennamee)fi wanta ati deeggaramaa/tuu kee deeggaruun ogummaa isaa/ishee dagaasuuf raawwattu (Fkn.Malleen baruu fi barisisuu fedha heddee garagraa akkamitti akka hojii irra oolan moodeleessuu) of keessatti hammata. Akaakuun gochoota ati karoorfatte bakkaafi yeroo deeggarsa ogummaa barsiisummaa deeggaramaa/tuu keetiif kennitu mul’isa.

Sadarkaa III: Leecalloowwan Barbaachisaan Adda Baafachuu

Deeggartoonniifi deeggaramtonni waliin ta’uun hojiiwwan karoorfaman hojii irra oolchuuf deeggarsa barbaachisan adda baafachuu qabu. Kunis, hiriyyoota bakka hojii, yeroo ykn leecalloowwan deeggarsa kennuuf barbaachisan of keessatti hammata.

Sadarkaa IV: Mul’istoota Milkaa’inaa Qopheeffachuu( Ragaalee)

Deeggartoonniifi deeggaramtoonni waliin ta’uun malleenii fi ulaagaalee galma ga’iinsa karoora isaanii itti safaran adda baafachuu qabu.

Fakkeenyaaf, fooyya’iinsa ykn jijjiirama beekumsa deeggaramtoota caacculee shanan hubannoo dubbisuu (kutaa 1-4) yaad-deebii afaanii alkallattiitiin ykn daawwannaa barannootti fayaydamuun madaaluun nidanda’ama.

Sadarkaa V: Ka’umsa Yeroo Daangeffachuu

Deeggartoonniifi deeggaramtoonni waliin ta’uun yeroo raawwii karoora hojii isaanii itti xumuran murteeffachuu qabu.Yeroon raawwii waliigala karooricha keessatti bakki fooyya’insaafi xiyyeeffannaan itti kenname haala gaariin ta’uu qaba. Fakkeenyaaf, deeggartoonniifi deeggaramtoonni waliin ta’uun

Page 55: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

47

bu’uura beekumsa caacculee hubannoo dubbisuu shanan fooyyessuuf ji’a shan kennuu danda’u. Kunis hojiiwwan garaagara kanneen xumuruuf guyyoota ka’umsaaf kaa’aman ji’a 2ffaa, ji’a 3ffaa fi 4ffaa waliin walsimuun carraa fooyya’iinsaa qabaachuu danda’a.

Deeggaramaa/tuu keetiif karoora deeggarsa ogummaa kennuuf unka itti aanutti fayyadami qopheessi.Kunis, unka karoora deeggarsa ogummaa kennuuf itti fayyadamuu dandeenyu keessaa tokko ta’uu isaa hubadhu.

Unka 003Karoora raawwii deeggarsa ogummaa brsiisummaa barsiisota afaan dhalootaa manneen barumsaa sadarkaa 1ffaa.

Maqaa deeggaraa/tuu: ________________ Maqaa deeggaramaa/tuu:________________Bara barnootaa: _______________ Maqaa mana barumsaa:______________Kutaafi daree:_______________Beekumsa argame/dandeettii-wwan gabbifaman/ ilaalchota galma kaa’ame bira ga’uuf dagaaguu qaban (Maal akka argatte/ fooyyessite?

Gocha sadarkaaleen (Kunneen akkamitti argaman/dagaagfa-man/gabbifaman

Leecalloowwan barbaachisan (Deeggarsa deeggartootaan kennamu cinatti leecalloowwan dabalataan baraachisan maal fa’i?

Mul’istoonni ragaa fooyya’iinsafi milkaa’ina kanaa maal ta’a?

Guyyaa xumuraaf murteeffame (yoom akka xumuramu ibsamuu qaba)

KAAYYOO 1: Gochaa 1.KAAYYOO 2: Gochaa 2.

Gochaa 1.Gochaa 2.Gochaa 3.

Mallattoo deeggaraa/tuu: ____________________________ Guyyaa: _________________Mallattoo deeggaramaa/tuu: ____________________________ Guyyaa: _________________

Hubachiisa: Baay’inni kaayyoowwaniifi baay’inni gochaawwanii walitti dhufeenya

deeggartootaafi deeggaramtootaatiin murtaa’a.

3.2.3. Hojiiwwan Deeggarsaa Barsiisota Deeggartoota Afaan Dhalootaatiif

3.2.3.1. Barannoo Daawwachuu

Barannoo daawwachuun adeemsa deeggarsa ogummaa barsiisota afaan dhaloota barsiisaniif kennamu keessatti faayidaa hedduu qaba. Faayidaaleen kunneenis:

• Fedhii deeggarsa ogummaa deeggaramtoonni barbaadan adda baasuu. Akkuma qophii karoora dagaagina ogummaa deeggaramtootaa irraatti dhiyaatetti, daawwannaan baranoo tooftaale deeggartoonni fedhii dagaagina ogummaa deeggaramtootaa addaan ittiin baafatan keessa tokko

Page 56: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

48

ta’a. Deeggaramtoonni maal fa’i irratti deeggarsa fedhu?

• Odeeffannoo yemmuu deeggaramaa/tuu kee waliin marii taasitu itti fayyadamte walitti qabadhu.

• Deeggartoonni tooftaalee baruufi barsiisuu mijatoo ta’an deeggaramtootaaf moodeleessuu qabu.

• Ulaagaa sadarkaa ga’umsaa qiyyafannoo daawwannaa keessatti tuqametti fayaydamuun fooyya’iinsa deeggaramaan/tuun agasiise/te hubachuu.

Deeggartoota,

Atiifi deeggaramaan/tuun kee waliin ta’uun adeemsa deeggarsa ogummaa barsiisummaa kennuu keessatti baay’ina barannoo daawwatamuu qabu waliin murteeffattu. Haata’u malee, baay’inni barannoowwan deeggartootaan daawwatamuu qabanii inni xiqqaan nibeekama. Daawwannoon barannoowwanii inni xiqqaan baay’ina birkilee barannoo kutaa 1-4fi kutaa 5-8 irratti kan hundaa’edha. Birkii barannoo darbee keessatti akka ibsametti, kutaa 1-4 fi 5-8 birkiiwwan torbatu kennamanii jiru.

Tokkoon tokkoo deeggaraa/tuu adeemsa deeggarsa kennuu keessatti yoo xiqqaate tokkoo tokkoo birkiilee barannoofi qabiyyee barsiisan irratti deeggartoota isaaniitiin si’a tokko daawwatamuu qabu. Deeggartoonni hojii isaanii akkaataa sadarkaa ga’umsaa qiyyaafannoo daawwannaa barannoofi qajeelcha barsiisotaa keessatti ibsameen(Ga’umsa armaan gaditti adda bahe ilaali) sadarkaa of danda’anii raawwachuu irra gahuu isaanii deeggartoota isaaniitiin murteen itti kennamuu qaba. Dabalataanis, birkiilee baranoo fayyadamuun cinatti adeemsa barsiisuu waliigalaa barsiisota afaan dhalootaa irraa haala qabatamaa baruufi barsisuu keessatti akka shaakalaaf itti fayaydaman kennameefii jira. Caacculeen daawwannoo kunneen kan daawataman yemmuu birkii barannoo tokko daawwatan ykn atiif deggaraman/tuun kee yoo daawwannaan barannoo tokkoo ykn lamaa qofti haala kanneen akka raawwatamu waliin murteessitaniidha. Tokkoon tokkoo barannoo daawwatamanii deeggaramtootaaf poortifooliyoo isaanii keessatti kuufamuun barbaachisaadha.

Hojiirra Oolchuu (HO): Barsiisonni wantoota daawwatan(amala/gahee/hojiiwwan) tokko akka qajeelcha barsiisotaa keessatti ibsameen ykn akkaataa dandeettiifi kalaqa isaanii irratti hundaa’uun fooyyessanii hojiira oolchuu.

Dagaagsuu (D): Barsiisonni wantoota daawwatan (amala/hojiiwwan) haala sababa qabeessa ta’een hubachuufi gahumsa dandeettii agarsiisuu qabu. Haata’u malee, iddoo fooyya’iinsaafi xiyyeeffannoon kennameef nijiraata.

Jalqabuu (J): Barsiisonni wantoota daawwatan (amala/gahee/dandeettii) akkaataa guutuu hintaaneefi walqabatiinsa hinqabneen ykn hubannoo quubsaa hintaaneefi dandeettii gabbataa hintaaneen gocha tokko yoo dhiyeessan, gochaalee kanaaf fooyya’iinsi barbaachisan taasifamuufii qabu.

Hojiin Agarsiisuu Dhiisuu (HADh): Dalagaan ykn dandeettiiwwan barannoo murtaawaa keessatti ni barbaachisu. Haata’u malee, barsiisaan/tuun itti hinfayyadaman/ hinagarsiisan.

Page 57: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

49

Hojiirra Kan Hinoolle (HKH): Dalagaan/amalli/ dandeettiin barannoo murtaawaafi hinbarbaachisan.

Sadarkaalee Daawwannaa Barannoo: Daawwannaan barannoo marsaa sadarkaalee sadiitti kan qoodamuudha. Isaanis: Daawwannoo barannoon duraa, daawwannaa yeroo barannoofi daawwannaa barannoon boodaati. Adeemsi kunis, marsaalee kan qabu ta’ee, daawwannoon daree boodaa marsaan daawwannoo itti aanuu jiraachuu isaa agarsiisa. Kunis fakkii itti aanuun agarsiifamee jira.

Fakkii 4: Marsaa Daawwanaa Barannoo

A) Daawwannaa barannoon duraa: Osoo deeggaramaa/tuu kee hindaawwatan dura walgahii marii daawwannaa duraa gochuun iddoowwan xiyyeeffannoon daawwatamuu qabaniifi adeemsa daawwannaa sana itti galmeessitu irratti waliigaluu qabda. Yemmuu marii daawwannoo duraa gaggeessitu birkiilee baranoo ykn qabiyyeewwan daawwatamuu qaban mariin adda baasuu qabda. Birkii sagantaa daawwannoo barannoo duraa kana keessatti deeggartoonni deeggaramtoota isaanii irraa waa’ee kaayyoowwan barannoo barattoota isaaniif akkaataa ittiin barsiisan odeeffannoo walitti qabatu. Deeggartoonni osoo gara dareetti deemanii iddoo deeggaramtoonni barsiisaa jiranitti deeggarsa hinkennin, qabxiilee itti aanan hubannoo keessa galchuu qabu.

1. Deeggaramaa/tuu waliin gaggeessuu

2. Iddoo xiyyeeffannoo barbaachisuufi kaayyoo daawwannoo irratti walii galuu. Bal’innaaan xiyyeeffannoowwan daawwannoo barannoo kallattiidhaan kan ibsamu walii galtee deeggartootaafi deeggaramtootaa jidduu jiruun ta’a.

3. Yommuu barannoon daawwatamu: deeggaramtoonni karoora barannoo qopheeffachuu, kitaaba barattootaa, qajeelcha barsiisotaafi meeshaale deeggarsa barnootaa qabachuu akka qaban yaadachiisi.

4. Yeroo daawwannoo barannoo gaggeessuuf mijataa ta’e irratti waliigaluu. Kana jechuun, daree ykn wayitii daawwannaaf ta’u filachuudha.

Deeggaramtootaaf hubachiisa: Dawwannaa dareen duraa ulaagaa- mirkaneeffataa ragaa daawwannaa daree sirriitti hubachuun dirqama.

Daawwannaa barannoon duraa

Daawwannaa yeroo barannoo

Daawwannaa barannoo boodaa

Page 58: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

50

B) Daawwannoo Yeroo Barannoo: Gulantaa marsaa daawwannoo barannoo deeggartoonni daawwannaa barannoo yommuu deeggaramaan/tuun barannoo dhiyeessu/tu kallattiin daree seenuun daawwataniidha. Iddoon raawwii daawwannaa barannoo kanaas daree barumsaa keessa, hojii dirreefi mana yaalii keessatti ta’uu danda’a. Daawwannaa yeroo barannoo keessatti caacculee ijoo ta’an sadiitu jiru.

i) Fayyadama Meeshaalee Sirna Barnootaa Afaan Dhalootaa

Caacculee yeroo daawwannaa barannoo keessaa tokko sakatta’iinsa waliigalaa waa’ee fayyadama meeshaalee sirna barnoota afaan dhalootaa gaggeeessuudha.unki armaan gadii daawwannaa yeroo barannoo gaggeessuuf bu’uura ta’a.

Lakk. Yaadota Mirkanaa’uu qaban Eeyyee Lakki Yaada1 Barsiisaan/tuun kitaaba barattootaa daree barnootaa

fiduufi itti fayyadamuu2 Barattoonni kitaaba isaanii gara daree barnootaatti

fiduu3 Barsiisonni daree barnootaa keessatti qajeelcha

barsiisotaa fiduun itti fayyadamuu4 Barsiisonni karoora barnootaa qopheeffachuu 5 Hojiileen karoora barannoofi hojiileen qajeelcha

barsiisotaa keessa jiran waliin deemuu6 (Kan hafe yoo jiraate barreessii sadarkeessi)

ii) Shaakaloota Barsiisuu Waliigalaa Baruufi Barsiisuu Afaanii bu’a Qabeessa Taasisan

Kallattiin daawwannoo inni biraa madaallii shaakaloota barsiisotaa afaan dhalootaafi amaloota shaakaloota bu’uuraa ykn waliigalaa irratti hundaa’uun barsiisonni afaan dhalootaa tokko tokkoo barannoo afaan dhalootaa keessatti akka agarsiisan irraa eegamu madaaluudha.

Kana jechuun, barsiisonni afaan dhalootaa shaakaloota baruufi barsiisuu kanneen guyyaa guyyaan hojiirra oolchuu qabu jechuu miti. Hata’u malee, shaakaloonni kunneen barsiisonni afaan dhalootaa baruufi barsiisuu barattoota jiddu galeeffate fayyadamuun barattoonni dandeettiiwwan yaad-sammuu ol-aanaa (yaaduu), rakkooleef furmaataa kennuufi dandeetiiwwan gadi fageenyaan xiinxaluu akka gabbifatan taasisuuf dhiibbaa kan qabaniidha.

Deeggartoota,

Barannoowwan garaagaraa afaan dhalootaa keesstti hojii irra oolchuuf deeggaramtoonni dandeettiiwwan kanneen hubachuufi shaakaluun baay’ee murteessaadha.Dabalataanis, deeggaramtoonni kee shaakaloota kanneen irrati karoorfachuun hojii bu’aqabeessaafi hiika qabu akka raawwataniif jajjabeessuu qabda. Shaakaloonni baruufi barsiisuu afaan dhalootaa kunniinis, yaad-rimeen isaanii kanaan dura akka ruqaalee seensa barannoo, dhiyeessaafi cimsatti ibsamaa kan turaniidha.

Page 59: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

51

Shaakaloonni ijoon muraasni barsiisonni afaan dhalootaa yommuu barannoowwan garagaraa kanneen akka fayyadama jechotaa ykn hubannoo dubbisuu ykn dhag-dubbii barsiisuuf itti fayaydamuu qaban gabatee armaan gadii keessatti kennamee jira.

Lakk. Gochaalee Barsiisotaa Sadarkeessoo Madaallii Yaada (Ragaa)

HO D J HADh HKH1 Barsiisaan/tuun barannoo darbe yaadachisuu2 Barsiisaan/tuun faayidaa qabiyyee barannoo itti

aanee dhufu barattootaaf ni’ibsu.

3Barsiisaan/tuun qabiyyee dursaa ilaaluun gaaffii gaafachuu yookaan yaada ijoo ta’an keessa deebi’uun barattootaaf ibsuu yookaan qindeeffamoota jijjiirama argasiisan dhiheessuu (qindeeffamoota caatoo yookaan gumee)

4 Barsiisaan/tuun kaayyolee barannootiin walbarsiisu.

5 Barsiisaan/tuun tooftaafi tarsiimoo barbaachisoo ta’an barattootaaf ni’agarsiisu.

6 Barsiisaan/tuun qabiyyee barannoo wal-duraa duubaan nidhiheessu.

7 Barsiisaan/tuun barachuu dhuunfaafi gareen nijajjabeessu. Barsiisaan/tuun garee barattoota hundaa waliin hojjetu.Barsiisaan/tuun garee xiqqaa fayyadamuu (Barattoota 3-6)Barsiisaan/tuun hojii cimdiitti fayyadamu.Barattoonni hojii dhuunfaa of danda’anii hojjetu.

8 Barsiisaan/tuun fedhii barattoota adda addaa ni hubatu (baruufi barsiisuun fedha heddee)Barattoonni hojiiwwan/abbaltiiwwan adda addaa irratti nihojjatu.Barsiisaan/tuun yeroo muraasaaf fedhii dhuunfaa barataan/tuun qabu/du beekuu nidanda’a/tti.Tokkoon tokkoo barataa/tuu hojiiwwan/abbaltiiwwan dhuunfaa nihojjata/ti.

9 Barsiisaan/tuun kaayyoowwaniifi qabiyyeewwan barannoo hundaa haala quubsaa ta’een nidhiyeessa/ti.

10 Barsiisaan/tuun barattoonni kaayyoowwan yookiin qabiyyeewwan barannoo haaraa garee dhuunfaan akka shaakalan carraa nikenna/ti.

Page 60: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

52

11 Barsiisaan/tuun qabiyyee barannoo ykn gochaalee akka cuunfan ykn waan daree keessatti baratan calaqqee akka kennaniif barattoota ni gaafata/ti.

12 Barsiisaan/tuun barattoonni barannoo dhiyaate sirriitti hubachuu isaanii gaaffilee afaaniifi hojii daree fayyadamuun nimirkaneeffata/ti.

13 Barsiisaan/tuun gaaffilee barattoonni akka yaadaniifi odeeffannoo qindeeffatan taasisan nigaafata/ti.

14 Barsiisaan/tuun yaaddeebii hiriyyeetiifi deebbiiwwan gaaffilee akka kennan carraa ni uuma/ti.

15 Barsiisaan/tuun yaaddeebii ijaarsaa barattootaaf nikenna/ti.

16 Barsiisaan/tuun hojii manaa kennuufi sirnaan to’achuufi sororsuu (yoo barbaachisaa ta’e gosa lamatti qoodi ykn gochaalee keessaa tokko hojjetameera yoo ta’e mallattoo itti taasisuun kaa’i.

Deeggartootaa,Hojiirra oolmaa shaakaloota baruufi barsiisuu armaan olii dabaluuf, tokkoon tokkoo isaanii hubachuun baay’ee murteessaadha. Kanaafuu, deeggaramtoonni kee shaakaloota kanneen hojiirra oolchuuf dhiisuu isaanii mirkaneeffachuuf osoo hindaawwatiin dura, birkii sagantaa marii tokko qabachuudhaan tokkoo tokkoo shaakalootaa irratti dhimmoota garaagaraa fudhachuun/gahee taphachuun deeggaamtoota keetiif ibsi. Calaqqeen marii kanarraa argamu poortifooliyoo deeggaramtootaa keessa haa ta’u.

iii. Caacculee barannoo sirna barnootaa afaan dhalootaa mana barumsaa sadarkaa

tokkoffaa daawwachuu

Dhimmi murteessaa daawwannaa barannoo, qabiyyeewwaniifi tooftaaleen baruuf barsiisuu sirna barnoota haaraa manneen barumsaa sadarkaa tokkoffaa keessatti dhiyaatan haala qajeelcha barsiistotaa keessatti dhiyaateen hojiirra oolaa jiraachuu isaa mirkaneeffachuuf.

Kunis ta’uu kan danda’u, yoo barsiistonni afaan dhalootaa qabiyyeewwaniifi tooftaaleen baruuf barsiisuu sirna barnootaa afaan dhalootaa manneen barumsa sadarkaa tokkoffaa hubataniifi gahumsaan hojiira oolchaniidha.

Akkuma maanu’aalii kana keessatti birkii 3.1 jalatti ibsametti, wayitii tokko keessatti barannoowwan afaan dhalootaa caacculee lamaafi isaa ol qaba. Kanaaf, wayitii tokko keessatti yemmuu deeggaramtoonni barsiisan barannoo caacculee lamaafi isaa ol of keessaa qabu daawwachuu danda’uu kee hubachuu qabda.Akka fakkeenyaatti, akkaataan fayyadamaa qiyyaafannoo daawwannaa dabalee maanu’aalii kana keessatti dhihaatee jira. Kanaaf, caacculee dubbisuu kutaa 1-4 barsiisuu keessatti akkaataa barsiisota itti daawwannu haala itti aanuun ibsamee jira.

Page 61: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

53

Adeemsa baruufi barsiisuu hubannoo sagalaee dubbiifi hubannoo walitti dhufeenya qubeefi sagalee keessatti deeggaramtoota daawwachuu

Akkuma baruuf barsiisuu hubannoo sagalee dubbiifi hubannoo walitti dhufeenya qubeefi sagalee dubbii keessatti bal’inaan ibsametti, hubannoo saglee dubbiifi hubannoo walittidhufeenya qubeefi sagalee dubbii kutaalee jalqabaa keessatti sagalee dubbii hubachuu, qubee adda baafachuu, walitti dhufeenya qubeefi sagalee beekuu akkasumas, qaamolee jechaa walitti makuun dubisuun dandeettiiwwan afaanii baay’ee barbaahcisoodha. Kanaaf, deeggartoonni yemmuu deeggaramtoonni isaanii caacculee kanneen barsiisan daawachuu keessatti adeemsota armaangadii hordofuu qabu.

Haaluma kanaan, hojiiwwan kunneen keessaa kaan isaanii daawwannaa daree duraa keessatti kan raawwataman yemmuu ta’an kanneen hafan immoo hoggaa daawwannaan daree taasifamaa jiru kan raawwatamaniidha.

• Caacculeefi tooftaalee baruufi barisisuu isaanii hubachuu: Osoo daawwannaa daree hingaggeessin dura deeggaramtoonni yaadrimee birkii 3.1 jalatti maanu’aalii kana keessatti ibsaman gadi fageenyaan hubachuu isaanii mirkaneeffadhu. Kanaafuu, hubannoo sagalee dubbiifi hubannoo walitti dhufeenya qubeefi sagalee irratti daawwannaan barannoo gaggeessuu yoo barbaaddan birkii 3.1 duubatti deebi’uun ilaaluu qabdu. Yemmuu kanas, yaadrimeewwaniifi tooftaaleen barsiisuu dhihaatan lamaan keessaniifuu ifa ta’uu mirkaneeffachuu qabdu.

• Yoo barbaachisaa ta’e baranoo moodeleessuun deeggartootaan nitaasifama. Baruufi barsiisuu modeeleessuun deeggaramtoota keetiif nifayyada jettee yoo yaadde caacculee barannoo tokkoo barsiisuun deeggaramtoonni kee akka si daawwataniif affeeruu ni dandeessa. Maanu’aalii kana keessatti, moodeleessuurratti qajeelfamoota ijoo gabatee itti aanu jalatti ibsaman hordofi.

• Wantoota daawwataman irratti mari’achuu: osoo daawwannaa daree hingeggeessin wantoota daawwataman irratti deeggaramtoota kee waliin mari’achuu qabdu. Kun immoo bu’aa eegamu irratti hubannaa walfakkaataafi ifa ta’e uumuuf nigargaara.

• Caacculee dubbisuurratti daawwannaa daree gaggessuu: deeggartoonni yemmuu daawwannaa daree geggeessaa jiranitti karoora barannoo, qajeelcha barsiistotaafi qabxiilee murtaawoo caacculee daawwataman sana ilaaluu qabu.

• Yommuu dandeettiiwwwan daree geggeeffamaa jirutti, wantoota qiyyaafannoo daawwannaa keessatti kennaman irratti hundaa’uudhaan deeggaramtoota kee ni sadarkeessita. Fakkeenyaaf, wantoota hubannoo sagalee dubbii (dandeettii afaanii qubeewwan/ sagalee dubbii walitti makuu, qoqqooduu, haquu, bakka buusuu, sagalee walfakaataa adda baasuu) fi hubannoo walitti dhufeenya sagalee dubbiifi qubee (qubee adda baafachuu qubeefi sagalee walitti fiduu, qubeewwan ykn birsagoota walitti makuuf kkf.) armaan gaditti ibsamanii jiru.

Page 62: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

54

I Hubannoo Sagalee Dubbii HO D J HADh HKH YaadaBarsiisaan/tuun barattoonni dhagdubbiin:Sagaleewwan dubbii ykn jechoota afaan dhalootaa keessatti argaman akka adda baafatan ni taasisuu.Jechoota dhumarratti sagalee walfakkaataa qaban akka hubatan, adda baasan ykn uuman taasisuu.Himoota dubbataman keessatti jechoota dubbataman akka adda baasan taasisuu.Birsagootaafi sagaleewwan akka walitti makan taasisuu.Jechoota sagaleewwan, birsagootaafi dhamjechootaatti akka adda qoqqoodan taasisuu.Sagaleewwan jechoota afaan dhalootaa keessatti argaman akka adda baasan, haqan ykn bakka buusan taasisuu.

II Hubannoo Walitti Dhufeenya Qubeefi SagaleeBarsiisaan/tuun Barattootoonni:Qubeefi sagalee akka walitti firoomsan shaakalchiisu (maqaan qubee haala sirrii ta’een waamama)Qubeewwan akka adda baasan taasisuu.Qubee haala sirrii ta’een akka barreessan taasisuu.Jecha keessatti qubee sagalee jalqaba, gidduurra, dhumarra jiru akka adda baasan taasisuu.Jechoota birsagoota tokkoofi isaa ol qaban dubbisanii akka hubatan taasisuu.Qubeewwan birsagootaafi dhamjechoota akka walitti makan taasisuuJecha qubeewwan, birsagootaafi dhamjechootaatti akka qoqqoodan taasisuu.Seerota bu’uuraa qubeessuu fayyadamanii jechoota bu’uuraa akka qubeessan taasisuu.

Dhimmoonni ykn hojiileen milkaa’oo barannichaa maal fa’i? _________________________________

___________________________________________________________________________________

___________________________________________________________________________________

Dhimmoonni barannichaa fooyya’uu qaban maal fa’i? _______________________________________

___________________________________________________________________________________

Page 63: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

55

Fooyya’insa barannichaaf yaada maal eerta?________________________________________________

__________________________________________________________________________________

Akkuma dursa ibsame, deeggaramtoota kee waliin qabxiilee madaallii barannoo iratti mari’achuun bu’aa eegamurratti yaada walfakkaataafi ifaa ta’e qabaachuu keessan mirkaneeffadhu.

Madaalliin ati daree barannootaa keessatti dhimmoota murtaa’oorratti hundaa’uun deeggaramtoota kee irratti geggeessitu, odeeffanno maanu’aalii deeggarsa ogummaa kana keesatti ibsamaniifi qajeelcha barsiistotaarratti hundaa’uun kan murteeffamu ta’uu qaba. Odeeffannoo madaallii daawwannaa daree irraa argamerratti hundaa’uun marii daawwannaa dareen boodaa irratti mariifi calaqqee taasisaa.

Deeggartoota,Tokkoon tokkoo qabiyee barannoo kutaalee 1-4 fi 5-8 barsiisuu keessatti deeggaramtoonni keessan daawwatamuu qabu. Caacculee barannoo sirriitti hubatanii adeemsa baruufi barsiisuu keessatti hojiirra oolchuun bu’aa barbaadamu agarsiisuu isaanii beekuunis daawwannaa kennamurratti hundaa’a. Yemmuu deeggaramtoonni sadarkaa jalqabaafi dagaagina agarsiisan, bakki mariifi calaqqee dabalataa barbaadu adda bahuu qaba. Kanaafuu, akka dabalataatti qabxiilee dabalataa yaada bal’aa agarsiisan mariifi calaqqee keessatti fayaydamuun ni dandaa’ama.

Hubachiisa: Sagantaan kenniinsa deeggarsa ogummaa xumuramuu kan danda’u, yoo deeggaramtoonni wixinee daawwannaa keessatti caacculee barannoo dhihatan hundaarratti sadarkaa barbaadamurra gahaniidha. Wixinee daawwannaa dabalee maanu’aalii kana keessatti dhihaate haaluma fakkeenya armaan olitti fayyadami.

Qabxiileen armaan gaditti tarreeffaman, deeggartoonni daawwannaa daree keessatti fayyadamuun haala mijaawaa uumuuf gahaafi barbaachisoodha jettee yaaddaa? Yaada kee bakka duwwaa kennamerratti dhiheessi.

• Daree barnootaa seenuuf heeyyama gaafachuu

• Barattoota dareeetti of beeksisuu

• Yeroon argamuu

• Haftee karoora barannoo qabachuu

• Hanga xumura wayitiitti daree keessa turuu

• Yaaddeebiif yaada sirriifi gadi fageenya qabu qabachuu

• Xumura wayitii barannoorratti barsiisaa/tuufi barattoota galateeffachuu

Yaada (qabxiilee kanarratti yaada sirriifi quubsaa barreeessi)

_____________________________________________________________________________

_____________________________________________________________________________

_____________________________________________________________________________

Page 64: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

56

C) Marii Daawannaa Dareen Boodaa

Hubachiisa:Osoo gara marii daawwannaa dareen boodaatti hindhufiin dura deeggartoonniifi deeggaramtoonni calaqqeedhaaf yaada isaanii qindeeffachuuf yeroo argachuu qabu.

Marii daawwannaa dareen boodaa irratti qabxiilee armaan gadii yaadadhu.

1. Deeggartootaaf Qabxiilee xiyyeeffannoo:

• Kaayyoo marichaa deeggaramtootatti himi

• Deeggaramtoonni haala daawwannaa barannoo itti geggeeffame ilaalchisee sodaa tokko malee yaada akka kennan taasisi.

• Deeggaramtoonni akka dubbataniif yeroo gahaa kenni.

• Maricha geggeessuuf cimina mul’ate irraa eegali.

• Deeggaramtoonni kee yaada kennameef fudhachuufi dhiisuu isaanii mirkaneeffadhu. Yoo deeggaramtoonni kee yaada kennameef fudhachuu dhiisan dhimma sanarratti marii dabalataa geggeessi.

• Daawwannaa daree itti aanuuf karoora qopheessuun deeggaramtoota waliin irratti waliigalaa

2. Deeggaramtootaaf Qabxiilee Xiyyeeffannoo:

• Daawwannaa dareen booda deeggaraa/tuu irraa maal eegda?

• Kallattii fooyya’insaarratti gargaarsaaf gorsa gahaa argattee jirtaa?

• Kallattii/bakka ofitti amanamummaa xiqqaa qabdurratti gorsa argattee jirtaa?

• Marii itti aanuun duratti gocha raawwatamurratti waliigaltee jirtaa?

• Yaadaafi gorsa kennaman keessaa kanneen irratti waliigalte dhiheessi. Gara fuuladuraatti gargaarsawwan akkamii barbaadda?

Yaaddeebii sirrii kennuuf, unka daawwannaa barannoo fayyadamuun barbaachisaadha.Yommuu daawwannaan daree geggeeffamaa jiruttis odeeffannoo barbaadamu kallatti uumaan unkicha irrati barreessuun gaarii ta’a. Yoo barbaachisaa ta’es booda irra deebiin barreessuun ni danda’ama. Wixinee daawwannaa daree guutuuf dabalee II fi III ilaali.

3.2.3.2 Yaaddeebii Sirreessaa Kennuu

Adeemsi kenniinsa yaaddeebii deeggarsa ogummaa baay’ee barbaachisaadha.Sababni isaas deeggaramaan/tuun yaaddeebii kana irraa waan gaarii hojjetame, waan fooyya’uu qabuufi haala hojii isaa/ishee ittiin fooyyessu/tu danda’u/su hubata/ti. Kaayyoon waliigalaa yaaddeebii sirreessaa kennuu fooyya’insa barbaadamu fiduuf utubuu/gargaaruudha.

Page 65: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

57

Deeggartoonni yaaddeebii sirreessaa kennuuf nirakkatu. Kunis, kan ta’u hanga, akaakuu fi yeroo yaaddeebii kennamuun waalta’uu dhabuuti. Deeggaramtoonni yaada dimshaashaafi yaaddeebii dhugaa irratti hinhundoofne kennan deeggarsa dhiyaatuuf yaaddessaadha. Fakkeenyaaf “at gaarii hojachaa jirta” yookaan ati barsiisaa gaarii ta’aa jirta jechu.Deeggaramtoonni hojii isaanii irratti ciminaafi hanqina qaban wanta fooyyeffachuu qabaniif akkaataa isaan duraan itti hojjechuu qaban irratti yaaddeebii barbaadu.

Yaaddeebii ijaarsa kennuuf qajeeltoowwan baay’ee barbaachisoo ta’an jiru. Isaanis:

a) Dursa deeggaramtoonni yaada akka dhiyeessaniif carraan haakennamuufi. Kunis, kan ta’u qabu osoo ati yaada gaariifi yaraa hinkennin dura ta’u qaba. Waan deeggaraan/tuun kee jedhu/ jettu haalaan dhaggeeffachuu.

b) Yaada gaariin eegali: Yeroo hunda hanqina osoo hindubbatin dura cimina jiru dubbadhu. Namoonni waan gaariin isaaniiitti dhaga’amuufi hanqina isaanii fudhachuuf fedhii ni horatu.

c) Yaada dimshaashaa irra yaada murtaa’aa dhiyeessi. Wanta deeggaramaan/tuun dhugaa irratti hundaa’uun hojjate/te wanta fooyya’uu qabuufi waan irraa eegamu irratti xiyyeeffadhu.

d) Rakkoolee tokkoo tokkoof furmaata karoorfadhu. Deeggaramtoota yaada of fooyyessuuf isaan gargaaru osoo hinqabsiisin dura gadi hindhiisin.

e) Fedhiifi qooda fudhanna kee deeggarsaafi furmaata kennuun agarsiis malee qabxii kennuu irrati hinxiyyeeffatin. Gorsi, marisis/akkasumas yaadaan waliin ta’uu kee agarsiisi. Kunis, deeggaramaa/tuu kee fedhiin akka hirmaatu/tu taasisi.

f) Yaada ijaarsaa kenni. Rakkoon akka jiru agarsiisi. Madaallii fakkeessuu irra ibsa kenni. kan argite yookaan dhageesse ibsuun mormii ka’u malu hir’isi.

g) Altokkotti qabxii tokkotti xiyeeffadhu: Altokkotti dhimmoota adda addaa irratti hinxiyyeeffatin. Rakkoolee ka’aniif furmaata battalaa kenni. Deeggaramtoonni walitti dhufeenya yeroo tokkoofi yeroo biroo akka hubataniif deeggari.

h) Gocha qeeqi malee nama dhuunfaa hinqeeqin. Deeggaramtoonni kee bu’aa gochaalee kanaa akka argan deeggari. Deeggaramtoonni akka dallananiifi akka of irraa faccisan hintaasisin. Faccisuufi dallansuu irraa bu’aan argamu hinjiru.

i) Dhimma tokko garmalee hinho’isin: Jechoota kan akka yeroo “hundumaa”, “hinta’u” yeroo baay’ee kanaafi kan kana fakkaatan hinfayyadamin. Waa’ee bal’ina rakkinichaa irra deddeebiin garmalee hinho’isin.

j) Hinqoosin: Qoosaa fakkeessuun nama hinqeeqiin.

k) Namoota walbira qabdee hinmadaalin. Madaalliin taasisu qabdu dandeettii nama sanii qofaan ta’uu qaba. Wanti inni/isheen gochuun irraa eegamu, kallattii kitaaba barannoo afaan dhalootaa qofaan ta’uu qaba.

Page 66: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

58

l) Deeggaramtoonni kee hubachuu isaanii mirkaneeffadhu. Yoo danda’ame akka isaan yaadicha keessa deebi’anii yaaddeebii kennan wanta sammuu kee keessa jiru waliin walsimsiisi.

Qajeelfamoota Ijoo Dabalataa Hojiirra Oolan: Mee kutaa 3ffaa keessatti barannoo torbee 2ffaa, guyyaa 3ffaa daawwachuuf karoorfatteetta haajennu. Haaluma kanaan, marii daawwannaa daree duraafi daawwannaa daree boodaa taasifteetta. Yommuu kanas, qaamolee barannoo sadi jechoota uumuu (walitti makuufi qoqqooduu) hubannoo dubbisuufi hubannoo dhaggeeffachuu keessaa hubannoon dubbisuufi dhaggeeffachuu kan sirriitti hojiirra oolan yoo ta’u, barannoon jechoota ijaaruu garuu, haala barbaadamuun hojiirra hin oolle. Dhimma murtaawaa akkanaarratti deeggaramtoota keetiif yaaddeebii akkamitti kennita?

Adeemsota armaan gadii hordofuu nidandessa:

i. Yaaddeebii kamiyyuu kennuun dura carraa daawwannaa daree isaanii argachuu keetiif deeggaramtoota galateeffachu. Kun immoo jalqaba gaarii ta’uu danda’a.

ii.Waa’ee barannoorratti yaada deeggaramtoota gaafadhu. Milkaa’aadha jedhuu?

Milkaa’aa miti jedhuu? Walmakaadhaa? Hanga danda’ametti dhimma xiyyeeffatamu

qofa irratti hundaa’uun gargaari.

iii. Daawwannaa keessatti cimina mul’ate himuun deeggaramtoota jajjabeessi.

Dabalataanis, wantoota barannoon kun akka milkaa’u taasisan ibsiif. Keessattuu,

bu’aa barachuu barattootaan argame waliin wal qabsiisuun ta’uu qaba.

iv. Qaamni barannoo yeroof hinmilkoofnees, akka waan bu’aa qabeessa hintaanetti akka

hinyaadamneef ifa taasisi. Kunis, akka qajeelcha barsiistotaa keessa taa’etti keessumaa

haala barattoonni dandeettii barbaadamu gonfachuu qaban irratti xiyyeeffachuu isaa

deeggaramtootatti himi. Jechoota ifa ta’an fayyadamuun dogongora mul’ateefi

haala kamiin akka uumame ibsiifi (Yaadolee qajelecha barsiistotaa keessati dhiyaatan

hubadhu).

v) Haala adda ta’een wanta hojjetame dhiheessi, (kallattii biraatiin wanta dhiyaate).

vi) Haalli kun gara fuulduraatti fooyya’uu danda’uu isaa deeggaramtoota gaafadhu. Dhimma

kana fooyyessuu irratti yaada isanii akka ibsan taasisi.

vii) Marii osoo hinxumuriin dura yaada cuunfuun hojicha xumuri. Waliin turtii keessaniif

deeggaramtoota galateffachuu hindagatiin. Yeroofi qabxii marii sagantaa marii itti

aanuu deeggarmtoota yaadachiisi.

Gorsi armaan olitti kenname baay’ee murteessaa ta’us, haala hundaa keessatti akka gaariitti hojiirra ooluu dhiisuu ni danda’a. Ati deeggaraan/deeggartuun haala qabatamaa jiru (deeggaramtoota, meeshaalee armaan olii, barattootaafi kkf) yaada keessa galchuun hojicha raawwachuu qabda. Kaayyoon waliigalaa kees rakkoo adeemsa gahumsa deeggaramtoota kee ijaaruu keessatti mudatu madqsuudha.

Page 67: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

59

3.2.3.3 Barannoo Moodeleessuu

Deeggarsa ogummaa barsiisummaa kennuu keessatti barannoo moodeleessuun akka fakkeenyaatti karaa hojiilee barannoo agasiisuun deeggaramtoonni beekumsa, ilaalchaafi dandeettii isaanii fooyyeffatan gargaaruuf tajaajiludha. Barannoo modeleessuun hojii deeggarsa ogummaa kennuu keessaa akka ijootti ilaalama. Barannoo moodelessuun deeggaramtootaaf yaada ka’umsaa ta’uun gadi fageenyaan akka shaakala keessa galan taasisa. Deeggartoonni gaariin tarsiimoolee moodeleessuu isaanii haala armaan gadiin agarsiisu.

• Deeggaramtoonni isaanii wantoota haaraa keessatti hirmaachuu akka barataniif haala nimijeessu. Fakkeenyaaf, akkaataa deeggartoonni barannoo itti dhiheessan bifa gabaabaa ta’een nihubatu.

• Agarsiisa barannoowwanii daree barnootaa keessatti dhiheessuu. Meeshaalee sirna barnootaa haaraa afaan dhalootaa moodeleessuun fayyadamuu, malleen baruufi barsiisuu ykn tooftaalee barsiisuu haaraa hojiirra oolchuun deeggaramtoonni tarsiimolee ykn dandeettii baruu barsiisuu murtaa’oo ta’an daree barnootaa keessatti fayyadamuu.

• Ilaalcha gaarii mul’isuufi akka fakkeenya gaariitti gahee taphachuu. Deeggartoonni gaariin amala dhuunfaa milkaa’ina hojii keessatti fudhatan agarsiisuu qabdu. Deeggartoonni hojii milkaa’inaafi bu’a qabeessa ta’e deeggaramtootatti mul’isuun, yaad-qalbiiwwan murtaa’oofi milkaa’ina hojii keessatti gochaalee barbaachisoo ta’an agarsiisuu qabu.

Deeggartootaa,

Gargaarsaafi gorsa irra deddeebiin yoo kennitaniyyuu adeemsa barsiisuu deeggaramtootaa keessatti hanqinni hinfooyyofne nijira haajennu. Yeroo kanatti, qabiyyeewwan ykn dandeettiiwwan walfakkaataa (fooyya’insi dhabame) deeggaramtootaaf barannoo moodeleessi. Akka deeggaraa/tuu tokkootti barannoo modeleessuu sirrii ta’e hojjechuu kee mirkaneeffachuu qabda. Kun immoo of eeggannoo guddaa taasisuu si barbaada.

Itti aansee yeroo barannoo moodelessuu sadarkaalee barbaachisoo ta’an afur hordofamuu qaban akka armaan gadiitti dhiyaataniiru. Isaanis:

i) Qophaa’uu,

ii) Hojiirra oolchuu,

iii) Madaaluufi

iv) Babal’isuu

Sadarkaalee arfan kunneen keessatti wantoota raawwachuu qabdu:

i) Qophaa’uu/karoorsuu: Sadarkaa kanatti hojiilee armaan gadii niraawwata jedhamee yaadama:

• Barannoo moodelessuu irratti xiyyeeffate adda baafachuu

• Barannoo moodeleessuu irratti marii taasisuufi moodeelessuu akkamitti akka raawwachuu

Page 68: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

60

danda’amu yaaduuf, deeggaramtoota kee waliin walgahii saganteeffadhu.

• Karoora kee caasaa barannoo dhiyaate waliin haala ittiin walsimsiiftu agarsiisi (kitaabolee barannoo haaraa afaan dhalootaa- Kitaaba barattootaafi qajeelcha barsiistotaa ilaali)

o Hirmaannaa barattoota fedhii addaafi kornayaa adda baasuufi karoorsuu keessatti barattoota akka deeggartu ibsiif.

o Barannoon dura: yoo barbaachisaa ta’e barannoo darbe yaadachiisi: bakka namni jiruttis (hiriyyee murteessaa) ta’e hinjirretti ta’uu danda’a. Akka filannootti, dhimmoota yaadachiisuuf viidiyoon kan waraabame qabaachuufi ilaaluun fooyyessaa deemuu. Hiriyyaan sitti dhiyaatu daawwannaa viidiyootiin booda yaada siif kennuu danda’a/dandeessi.

ii) Raawwii Daree Keessaa/Hojiirra Oolmaa: Sadarkaa kanatti sirna barnoota haaraa afaan dhalootaa keessatti dhiheessuuf, moodela suutaan of dandeessisu hordofuu qabda (Kunis, Nanhojjedha, Nihojjennaa, Nihojjettu). Moodeelli suutaan of dandeessisuu kun hojii irra kan ooluu danda’u, kaayyoo/qabiyyeen kan walsime ta’uu hubachuu qabda. Qabiyyeewwan tokko tokko dhiheessuuf, moodela suutaan of dandeessisuu keessa jiran sadeenuu altokkotti fayyadamuu dhiisuun nimala. Yommuu karoora barannoo moodelaa hojiirra oolchinu tooftaalee barbaachisoo ta’an muraasni:

a) Wayita Barannoo:

• Karoora barannoo kee hojiirra oolchuuf hojiifi haala jiru guutumaan guutuun to’achuu.

• Barachuu barattootaa irratti xiyyeeffadhu: Wantoota tasa si mudachuu danda’an to’adhu. Wantootni kun gonkuma akka si hinjeeqne taasisi.

• Haala baruufi barsiisuu irratti hundaa’uun, barattoota tokkoon tokkoo isaaniif xiyyeeffannoo kenni-barattoonni fedhii addaa qaban jiraachuu maluutii. Barannoo hundammattoo moodelessuun:

Walgitiinsa dhiiraafi dhalaa, namoota fedhii addaa qaban, aadaa, diinagdeefi amantaa adda addaa qaban bifa loogummaa hinqabneen keessummeessuu.

Fayyadama afaanii loogii irraa bilisa ta’e

Gahee kennuu (Qooddaattoota dhaalaafi dhiiraa hojiilee mana keessaafi dhimma hawaasummaa keessatti qooda fudhatan agarsiisuu)

• Wanta hojjettu (jettu) qofaa osoo hinta’iin akkamitti akka hojjettus ibsuu irratti xiyyeeffadhu. Akkaataa itti hojjettan agarsiisaa jiraachuu kee yaada keessa galchi.

• Yeroo kee seeraan fayyadamuu- yeroo siif kenname keessatti wanta siif kenname hojjechuukee mirkaneeffadhu.

Page 69: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

61

b) Akkuma barannoo xumurtetti:

• Barannoo moodeelessuu irratti yaada deeggaramtootaa gaafadhu. Gochaalee barsiisuufi adeemsa barachuu barattootaa wabeeffachuu yaaddeebii murteessoo akka kennan jajjabeessi.

• Daree barnootaa keessatti tokkoon tokkoo gochaalee raawwataman irratti akka gaaffilee gaafatan jajjabeessi.

• Dhimmoota murteessoo ta’an irratti xiyyeeffachuun, adeemsa ta’e jettee fudhatte irratti ibsa kenni… [ Fkn. Sababni ani barannoon koo gidduutti dhaabeef…; Sababni ani kaniin Caalaaf/Caaltuuf gaaffii keessa deebi’ee ibseef…; sababni ani gaaffii sana gaafadheef…]. Ibsi kun, deeggaramtoonni wanta adda ta’e hubachuufi barsiisuu keessatti hinqina duraan mul’atan akkamiin walsimsiisuu akka danda’aniif gargaara.

• Deeggaramaan/tuun haala walfakkaatuun hojiirra oolchuuf akkamiin akka yaadaa jiran gaafadhu. Deeggaramtoonni wantoota hojjette cuunfuufi akkamiin kitaabilee haaraa afaan dhalootaa irraa eegamu waliin walsimuu danda’u kennuun akka yaalan jajjabeessi.

Moodela barannoo armaan oliitiif akka filannootti: Viidiyoo barannoowwan moodelaaf piroojektiin READ TA qopheessetti (yoo jiraate) itti fayyadamuun nidanda’ama.

iii) Madaaluu: Erga barannoon moodeleessuu deeggaramaan/tuun kee waliin raawwatameen yeroo fudhachuu akkaataa barannoon itti xumurame irratti calaqqee gaggeesi. Kun barannoo irratti duubatti deebi’uun yaaduufi gaaffilee armaan gadiif xiyyeeffachuun deebii kennuun si gaafata.

• Barannoo kana keessatti maaltu haala gaariin raawwatame? Maaliif?

• Rakkoolee akkamiitu na mudate? Maaliif?

• Wanti adda ta’e ani raawwadhu maali?

• Muuxannoo kanarraa wanti barachuu qabuufi gara fuulduraatti na fayyadu maali?

• Barattoonni dandeettii kana bira gahuudhaaf akkamiin jajjabeessina?

• Moodelli suuta of dandeessisuu daree barnootaa kiyyaa keessatti hojiirra oole? Waa’ee maleenya ani ilaalchisee kun maal natti agarsiisa?

• Moodeeleessuu barannoo ilaalchisee qabxiilee jiran kamiyyuu qabadhu.

Shaakalliin kun moodeleessuu barannoo qophii fedhii gara fuulduraa akka barattuuf si gargaara.

iv) Babal’isuu: Kun Moodelessuu barannoo sadarkaa afraffaa ta’ee, irra caalaa muuxannoo gaarii babal’isuu irratti xiyyeeffata. Sadarkaa kanatti deeggaramaan/tuun beekumsaafi dandeettiiwwan barannoo moodeleessuun kennamu irraa argattutti akka gargaaramtuuf si fayyada. Kun gara deeggaramtoota birootti babal’achuun muuxannoo gaarii walitti qabdeefi gochaalee kanneen biroon qaban waliif qooduun daree barnoota isaanii keessatti hojiirra oolchuu danda’uuti. Ogeessa kenna deeggarsaa wiirtuu gurmuu manneen barnootaa yoo taate, gochaalee gaggaarii kunneen deeggaramtoota manneen barnoota deeggarsa ogummaa kennaa jirtu keessatti babal’isuu ni

Page 70: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

62

dandeessa. Babal’inni barannoo moodelessuu kun waraabbii viidiyootiin deeggaramuu nidanda’ama.

3.2.3.4. Fooyya’iinsa Deeggaramtootaa Madaaluu

Fooyya’iinsa barachuu deeggaramtootaa madaaluu jechuun bu’aa deeggarsa ogummaa barsiisummaa irratti hundaa’uun adeemsa walitti fufiinsa qabuun ragaalee walitti qabuufi qaaccessuun barsiisuu gahumsa deeggaramtootaa irratti jijjiirama fiduu jechuudha. Kun waa’ee ragaarratti hundaa’uufi dagaaginaati. Akkuma deeggaramtoota kee gargaartuun, fooyya’iinsa gahumsa deeeggaramtoota keetii ittifufiinsaan mirkaneeffachuu qabda. Kana yoo raawwatte qofa, galma kaa’ame gahuuf hojjechuu dandeessa. Madaallii moodelaa fooyya’iinsa deeggaramtootaa armaan gadii hordofuu qabdu.

Fakkii 5: Madaallii Moodela Fooyya’iinsaa

Ragaalee Funaanuu: Adeemsa fooyya’iinsa deegaramtootaa kallattii fooyya’iinsaa barachuu barattootaafi gochaalee daaree barnootaa irratti hundaa’uun ragaa funaanuudha. Ragaaleen kunneen kan funaanaman gabaasa dhuunfaa deeggaramtootaa, waliin dubbii bal’aa (al-kallattii), daawwannaa barannoofi milkaa’ina barachuu barattootaa daawwachuun ta’a. Sadarkaan kun hariiroo ati deeggaramtoota kee waliin waa’ee fooyya’iinsa ykn dagaagina isaaniitiin walqabsiifte ibsuu qabdu kan si akeekkachiisuudha. Kanaafuu, fooyya’iinsa galmeessitee qabaachuu qabdu:

• Deeggaramtoota kee waliin dalagaalee guyyaa guyyaan hojiirra oolchuu qabdu galmeessitee, wanta raawwatteefi fooyya’iinsa beekumsaa, ilaalchaafi dandeettiiwwan deeggaramtoota kee keessatti galmeessite kan hammatudha.

• Waliin dubbii al-idilaawaa ati deeggaramtoota kee waliin taasiftuufi murtee fooyya’iinsaa kennituun walqabsiisi. Haata’u malee, waliin dubbiin al-idilaawaan kun deeggarmtootaa kan nuffisiisuu fi hamilee isaanii kan miidhu ta’uu hinqabu.

• Deeggaramtoonni ragaalee poortifooliyoo ogummaa ibsu akka qindeeffatan gargaari.

Ragaalee Qaaccessuu: Adeemsa ragaalee funaanamanitti fayyadamuun bu’aa raawwii hojii yeroo darbee wabeeffachuun raawwii hojii sadarkaa amma irra jiru kan of keessatti hammatedha. Kana jechuun, toorri bu’uura karoora raawwii deeggarsa ogummaa barsiisummaa keessatti ibsamee jira. Sadarkaa kanatti kan ati gaafachuu qabdu: Deeggaramtoonni eessa turan? Deeggaramtoonni amma eessa jiru? kan jedhuudha. Dalagaan akkanaa kunis, akka garaagarummaa faayidaa qabeessa ta’e qabattee dhuftu kan sirraa eeggamudha. Garaagarummaan kunis, mallattoo fooyya’iinsaati. Sadarkaa fooyya’iinsa raawwii akkaataa bu’uura karoora raawwii keessatti taa’eefi yeroo kenname waliin raawwachaa jiraachuu kee

Ragaalee Funaanuu

QaaccessuuBu’aawwan argaman hojiirra oolchuu

Madaaluu

Page 71: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

63

mirkaneeffadhu.

Bu’aa Argame Hojiirra Oolchuu: Kunis, haala deeggartoonni deeggaramtoota waliin hanqina daawwatame irratti dabalataan karorfachuun hariiroo deeggarsa ogummaatti fayyadamuudha.Kana jechuun barannoowwan barataman haala deeggarsa ogummaa kana irraa gara haalota birootti dabarsuun ittifayyadamuudha (Fkn. Deeggaramtoota biroo waliin). Dabalataanis, deeggaramtoonni dandeettiiwwan deeggarsa ogummaa keessatti ittiin milkaa’ina argatan yoomessa biroo keessatti of danda’anii itti fayaydamuu eegalu.

Fooyya’iinsa deeggartoota keetii mirkaneeffachuuf madaallii gaarii yoo gaggeessite bu’aalee itti aanan argatta.

• Fooyya’iinsa deeggaramtoonni kee jalqabaa hanga dhumaatti agarsiisan nibaratta.

• Yemmuu deeggaramtoonni kee hojjetan (fooyya’iinsi isaanii dabalaa ykn gad-bu’aa jiraachuu isaa) ilaalu nidandeetta.

• Odeeffannoo saffisa deeggaramtoota kee waliin qabdu dabaluuf ykn hir’isuuf si gargaaru argachuu dandeetta.

• Ragaa deeggaramtoonni hojiiwwan kennameef xumuruufi dhiisuu isaanii agarsiisuu argatta.

• Kaayyoowwan muraasa sababa qabeessa ta’an gara fuulduraatti qopheessuuf si gargaara.

3.2.3.5 Deeggaramtoonni Waan Yaadan Calaqqeen Akka Dhiheessan Kakaasuu

Calaqqeen adeemsa muuxannoo qabnurraa xiyyeeffannoon xiinxaluufi hiika jechootaa barbaachisaa ta’an karaa hiika qabaniin gadifageenyaan tilmaamuudha.Kaayyoon calaqqee waliin dubbii (deeggaraafi deeggaramaa gidduutti) karaan shaakaluu deeggaramaa ittiin fooyya’uu danda’u adda baasuun shaakala deeggaramaa keessatti ilaalchi gaariin akka mul’atu taasisuun barbaachisaadha.

Calaqqeen adeemsa dagaagina fedhii waahubachuu, daawwachuufi fuulduratti yaaduuti. Calaqqeen dandeettii deeggartoonni akka qaama tuulkiitiitti ilaaluun fayyadamuuti.

Gochi calaqqee gocha raawwii hojii guyyaa guyyaa waliin kan walfaallessuudha. Gochi yeroo gadifageenyaafi irradeddeebiin raawwatamu akka raawwii guyyaa guyyaatti lakkaawwama. Gochaaleen akkasii, fkn. Wantoota amaleeffataman irratti kan hundaa’e (karaa itti raawwaamu) ykn yaada abbootii aangootiin dhiyaatan ta’u. Gochaaleen kanneen keessatti waa kalaquu danda’uun baay’ee gadi aanaadha, ykn hindanda’amu.

Yeroo gocha raawwannu calaqqee kennuu (Gocha yeroo calaqqeefi erga gocha raawwannee calaqqee kennuu (calaqqee gocha boodaa).Yaada kana keessatti inni jalqabaa haala keessa jiraannu yaad-hiddama seenduubaa waliin wal-simsiisuufi fooyyessuuf maal akka hojjennufi akkamiin akka hojjennu kan hubachiisuudha.

Inni lammaffaa ammoo, maal akka raawwatameefi maaltu akka raawwatamuuf ta’u walbira qabuun ilaaluu kan ibsudha. Bu’aan isaa raawwii karooraa itti aanee dhufu karoorsuu fooyyessuudha.

Page 72: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

64

Deeggartoota: Dandeettii calaqqee deeggaramtoota kee waliin gabbisuun maaliif si barbaachise? Sababni isaa, yaanni calaqqee shaakaluu, deeggaramtoota keetiif faayidaa armaan gadii waan qabuuf:

• Waa’ee shaakala yaadota yeroo darbeefi ammaa qindeessuufi daree barnootaa waliin akka walsimu taasisuu;

• Gaafannoo dagaagina ogummaa cimsuufi waa’ee shaakala baruufi barsiisuu gaafachuu;

• Waa’ee mul’ata barachuu barattootaa yeroo amma xiinxaluun gochaalee gara fuula duraatti dhufuu danda’an yaaduu;

• Barsiisuun adeemsa beekumsa ijaaruufi yaada gaarii waliif qooduu dhugoomsuutiifi

• Walitti dhufeenyaafi waldeeggaruun barsiisotaa hojii guyyaa guyyaa waliin daree isaa/ishee keessatti hojjetamu jajjabeessuu;

Moodeloonni garaagaraa/armaan gadii yaadaawwan calaqqeefi calaqqeen akkamiin akka dhiyaatu kan agasiisudha. Moodelli armaan gaditti dhiyaates moodela muraasaati.

Fakkii 6: Moodela Marsaa Calaqqee

Akka moodela armaan olitti, gaaffileen deeggaramtoonni adeemsa calaqqee isaanii keessatti gaafachuu qaban akka armaan gaditti qoqqoodamanii jiru.

a) Maaltuu ta’e? Haalli barsiisuu koo maal fakkaata?

b) Kanaaf maal? Wanti raawwatameefi wanti akka raawwatamuuf eegame akkamitti ilaalama (wabii: ibsoota qajeelcha barsiisotaa keessaa, karoorawwan barannoo koo, haala barattootaafi kkf).

c) Kanaafuu amma hoo? Wayitii barsiisuu koo itti aanu akkamii nan fooyyessa? Kana hojiirra oolchuuf maal gochuun qaba? (walitti dabaluu/gocha itti aanu karoorsuu)

d) Jecha karoorfameen yaalii gaggeessuu- sadarkaa gochaa itti aanuuf marsaan calaqqee itti fufa.

Muuxannoo barsiisuu (taatee)

Yaalii si’aawaa(Gocha qabatamaa)

Calaqqqee Daawwannaa (Yeroo raawwii maaltu

ta’e)

Raawwachuuf karoorsuu (Gocha fuula duraa,

milkaa’ina)Murtoo beekamaa

(Waa’ee taatee hubachuu)

Amma maali?

Maal?

Kanaafuu maali?

Page 73: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

65

Akka deeggaraatti/tuutti, deeggaramtoota kee waa’ee calaqqee isaa/ishee yaaduu barachuu akka danda’aniif deeggaruutu si irraa eegama. Wanti sirraa eegamu gaaffilee gaafachuudha: Maaltu ta’e? Wanta eegamu akkamiin fooyyessita? Haala kana fooyyessuuf itti aansitee maal hojjatta? Tokkoon tokkoo gaaffilee kunneen akkaataa namni yaaduu danda’uun kan gaafatamudha. Daawwannaa jalqabaa irraa ka’uun qaama yaa’ii daawwannoon boodaa taasisuun ni dandeessa. Yoo walsima jettee kan yaaddu ta’e, mata duree irratti leenjii gaggabaaboo kennuu ni dandeessa.

Hubachiisa: Gaaffiin gaafatamu kamiyyuu calaqqee yaaduu kan ho’isu miti. Amaloota gaaffilee calaqqee ta’uu qaban:

• Sagalee hawwataa yeedalloo barbaadamu qabu.

• Danessuu: Sababaawwan maaliif dandeeffame? Galmaawwan kee muraasni maal ta’a?

• Jechoota dhaabbataa hintaane: ta’uu danda’aa(bakka ta’uu danda’a, “ta’a” buusuu), “danda’ee”, bakka ‘nidanda’a’ buusuu. Sababawwan ka’umsaa maal ta’uu danda’a? Karaaleen garaagaraa ta’uu danda’an maal fa’i? Kun kan mul’isu hiika itti kennuuf banaa ta’uu isaati.

• Jechoota ta’uu danda’aa fayyadamuu: akka ati yaadattutti…? Akka ati abdattutti …? Akka ati beektutti…?

• Wantoota ta’uu danda’an cimsuun banaa taasisuufi akka ta’an kaayyoowwan muraasni ati sammuu keessaa qabdu maal fa’i? Akka filannootti walbira qabdee yoo ilaaltu isa baay’ee barbaachisaa sitti fakkaataa?

Dhimma Gabaasaa: Dhimmoota lamatu kennamee jira. Deeggaramtoonni kee akka dandeettiiwwan calaqqeen yaada isaanii gabbifataniif deeggaruuf dhimmoota kanneenitti fayyadamuu dandeessa. Dhimmoota armaan oliitti tuqaman erga hubattee booda deeggaramaa/tuun kee dhimma tokko daree barnootaa isaanii keessaa fudhachuun adeemsa calaqqee kana akka shaakalaan cimsatan gaafadhu. Dhimma tokkoffaaAni barattoota battallee qubeessuun darbuu hindandeenye daree keessaa hedduun qaba. Torbee guutuu jechoota sanneen kuusaa galmee jechootaa keessaa barbaaduun himoota ijaaruun itti fayyadamu, himoota keessatti bakka duwwaa guutuu. Haata’u malee, battallee qubeessuu torbee darbe darbuu hindandeenye. Dhimma LammaffaaAni daree koo keessaa daa’ima rakkoo barachuu qabu tokko qaba. Innis, hojiiwwan barreessuu kamiyyuu hordofee barreessuu sababa bilchina dhabuu dandeettiiwwan qaama sammuu irraa kan ka’e baay’ee itti ulfaata. Inni barreessuu ni yaala. Haata’u malee, akka barattoota birootitti hojii kamiyyuu raawwachuuf yeroo si’a lama kanneen biroo irraa isa barbaachisa.

3.2.3.6. Dandeettiiwwan Haala Mijeessuu Leenjisuu

Haala mijeessuun jechuun ogummaa ga’eessotaafi hojii barachuu walitti fiduu jechuudha. Kun barachuu ga’eessotaa karaa ofiin argachuu isaanii deeggaruu of keessatti hammatudha. Haala mijeessuun akka

Page 74: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

66

milkaa’uuf, xiyyeeffannoon kan taasifamuu qabu beekumsa haaraa, dandeettiiwwan, ilaalchotaafi ga’umsatti fayyadamuudha.

Haala deeggarsa ogummaa keessatti, haala mijeessaan gaariin deeggartoota giddu galeeffata/ti; deeggaramtoonni akka si’aayinaan keessatti hirmaatan taasisa; barachuun akka jiraatu taasisa; yaada daangessuuf burqisiisuu mirkaneessuuf haalli barachuu tasgabbaa’aafi mijataan akka jiraatu taasisuudha.

Itti gaafatamummaan ati akka deeggaraa/tuu tti qabdu deeggaramaan/tuun kee beekumsaafi dandeettii bu’uuraa ittiin hojjechuuf yaadamu ifa taasisuu qabda. Fakkeenyaaf, deeggaramaan/tuun yaad-rimee ga’umsaan dubbisuuf dandeettiiwwan kanneen akkamitti barattoota keessatti gabbisuu akka qabu hanqina qabaachuu danda’a. Kanaafuu, akka filannoo tokkootti ga’umsaan dubbisuu irratti leenjii kennuuf murteessuu dandeessa. Gaaffiin si fuuldura jiru garuu, akkamiin hanqina jiru sanaa gara sagantaa leenjiitti jijjiiruu dandeessuudha. Kanaafuu wantoota armaan gadii irrtti xiyyeeffachuu qabna.

a) Hanqina adda ba’erratti ragaa qindeeffachuu, ragaa qindeeffatte fedhii leenjii kan agarsiisu ta’uu hubachuu.

b) Karoora gochaa deeggaruu keessatti, wantoota ragaa sirrii ta’an mirkaneeffachuu.

c) Kaayyoo leenjichaa ibsuu.

d) Fedhii deeggaramaa/tuun leenjicharratti qabu/du mareef dhiheessuufi maal akka yaadan gaafachuu.

e) Sirna barnoota afaan dhalootaafi maanu’aalii leenjii barsiisotaa qophaa’erratti hundaa’uu fi haala qabatamaa mana barumsaarratti hundaa’uun qabiyyee leenjii qopheessuu.

• Hanqina adda bahe naannoo qabiyyee beekumsaafi maleenya baruufi barsiisuu sirrii taanaan, akkaataa kanaan meeshaalee leenjii qopheessuu.

• Leenjicha gochaalee guyyaa guyyaa daree barnootaa waliin walitti fiduu. Akka marsaa yaad-hiddama (qabiyyee) Gola daree barnootaa-yaad-hiddama (qabiyyee)- Gocha daree barnootaatti qindessuun gaarii ta’a.

f) Leenjichi sirriitti deemaa jiraachuu isaa madaaluu. Leenjii gara fuuladuraaf bakka ciminniifi hanqinni jiru irraa barachuu danda’amu hubadhu.

g) Leenjicha daree barnootaa ga’aa ta’an deeggaruun hordoffii taasisuu. Barannoo gara moodeleessuutti ol guddisuun ni danda’ama.

Deeggaru keessatti leenjii garaagaraatti fayyadamuun barannoo daree haaraa afaan dhalootaa irratti hubannoo qabiyyeefi malleenya baruufi barsiisuu ga’aa qabaachuun barbaachisaadha. Kanaaf, waantota leenjichi keessati raawwachuu qabduurratti of mijeessuuf ciminaan hojjechuufi sirraa eegama.

Page 75: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

67

3.2.4 Sagantaa Deeggarsa Ogummaa Barsiisummaa Gabaasuu

Qalbeeffachuu: Waa’ee muuxannoo gabaasa barreessuu keessatti qabdu hiriyyoota keetti himi. Waantota bu’uura qabeessa ta’an ibsa kee keessatti hammachiisu yaali.

Gabaasuun- karaa ifa ta’een ragaa barreeffamarratti hundaa’ee caaseffama olaanaan kan qindaa’ee dhiyaatuudha. Dabalataanis, barreeffama dubbisuurratti hundaa’efi hojii gocharratti hundaa’eedha.Deggersa dagaagina ogummaa barsiisummaa keessatti dandeetti barreessuu gabaasa gaarii deggersuuf fedhi qabaachuu ni dandeessa.

Kaayyoon gabaasu waliigalaa:

• Dhimmoota adda baasuun maaliif akka hojiirra oolan ibsuu.

• Maaliif akka hojjetamuufi akkamiin akka hojjetamu addeessuu.

• Argannoowwan, xumuraafi yaboowwan dhiheessuu.

Gabaasni yoo sirriitti kan hojjetamu ta’e, meeshaa deeggarsa ogummaa barsiisummaafi beekumsa horachuuti. Namoonni gabaasatti fayyadamuun, maal hojjechuu akka qabaniifi waan gaarii hojjechuuf eessa akka jiran barachuufi eessatti akka fooyyessan hubachuuf bu’a qabeessadha.Dabalataanis, keessatti qooda fudhachuun xiyyeeffannoon akka ibsamu gochuufi namoonni biroon hojii gaarii hojjechuuf hordofuu akka danda’aniif kuufamuun kaa’amuuf gargaara.

Caasaa Gabaasa Deeggarsa Ogummaa Barsiisummaa

Kanneen armaan gadii baafata gabaasa ogummaa barsiisummaa keessatti amanatamanidha. Gabaasa keetiif qajeelfama murtaa’oon kan kennaman ta’ee isaan armaan gadii kana hordofuun dirqama ta’a.

Naannoo Gabaasaa IbsaToora Bu’uuraa Waliti dhufeenyi deeggarsa ogummaa osoo hin

jalqabiin dura, dandeettiiwwan argaman maal fa’i?Hanqina/fedhiiwwan gargaaruu Bakka fooyya’uu qaban-akka sadarkaa sirna

barnootaa irraa eegamutti barsiisuu fooyyessuuf karoorri qabame maali?

Tarsiimoowwan Furmaataalee danda’aman-Deeggarsa ogummaa barsiisummaa lafa qabsiisuu ilaalchisee maaltu karoorfamee jiraa?

Walqunnamuu deddeebii Dhuma ji’a darbee deeggaramaan/tuu kee waliin akkamiin wal-argitee?

Wayitii kenname Sa’aatii waliigalaa- Tokkoon tokkoo walga’ii hangam dheerata? Walga’iiwwan yoom gaggeeffamu?

Adeemsa/walittidhufeenya qeequu Walitti dhufeenya deeggaramaa/tuu waliin jiru irratti calaqqee gabaabaa dhiheessuu

Bu’aawwan Walitti dhufeenya deeggarsa ogummaa barsiisummaa ilaalchisee gama deeggaramtootaatiin kan fooyya’uu qabu maali? Kun akkaataa iccitii hin diigneen ibsamuu qaba.

Kallattii fuula duraa Walitti dhufeenya deggersa ogummaa barsiisummaa waliin taasiftuun gocha itti aanee dhufu jechoota waliigalaan ibsi.

Page 76: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

68

WabiileeAnjum Halai, A. (2006). Mentoring In-Service Teachers: Issues Of Role Diversity. Teaching and Teacher Education,22, 700–710Chappuis, S., Chappuis, J., and Stiggins, R. (2009). Supporting Teacher, Educational Leadership: February, 56-60Day, C. and Sachs, J. eds. (2004) International Handbook on the Continuing Professional Development of Teachers; Open University PressFullan, M. (2001). The New Meaning Of Educational Change, Third Edition. NY: Teachers College Press.Geeraertsa, K., Tynjäläb, P., Heikkinenb, H. L., Markkanenb, I., Pennanenb, M., & Gijbelsa, D. (2014). Peergroup Mentoring As A Tool For Teacher Development. European Journal of Teacher Education, 1-20, DOI:10.1080/02619768.2014.983068Guskey, T. R. (1985) Staff Development and Teacher Change. Educational Leadership: 57-60.Hobson, A. J., Ashby, P., Malderez, A. & Tomlinson, P. D. (2009). Mentoring Beginning Teachers: What We Know And What We Don’t. Teaching and Teacher Education. 25, 207–216Joyce, B. & Showers, B. (1995). Student Achievement Through Staff Development. White Plains, NY: Longman.Kennedy, A. (2005). Models of Continuing Professional Development: A Framework For Analysis. Journal Of Inservice Education, 31 (2)235-250.McBride, R. (1996) Teacher Education Policy – Some Issues Arising From Research And Practice. Flamer Press.Ministry of Education of the Federal Democratic Republic of Ethiopia (2012) School Based English Mentoring For Primary And Secondary Teachers How to Improve Mentor and Mentee Performance, Addis AbabaMinistry of Education of the Federal Democratic Republic of Ethiopia (2009) Continuous Professional Development for Primary and Secondary School Teachers, Leaders and Supervisors in Ethiopia:The Framework Ministry of Education of the Federal Democratic Republic of Ethiopia (2009) Continuous Professional Development for Primary and Secondary Teachers, Leaders and Supervisors in Ethiopia:The Practical Toolkit National Mentoring Partnership (2005) How to Build A Successful Mentoring Program Using the Elements of Effective Practice; Retrieved from http://www.mentoring.org/program (07/08/15)NOVA SHRM and Dulles SHRM (April 2012) Mentoring Program Toolkit: Establishing a Mentoring Program in your Local SHRM Chapter, Retrieved from http://www.shrm.org/Communities (11/08/15)Orland-Barak, L., & Hasin, R. (2010). Exemplary mentors’ perspectives towards mentoring across mentoring contexts: Lessons from collective case studies. Teaching and Teacher Education, 26 (3), 427-437.Roehrig, A. D., Bohn, C. M., Turner, J. E., and Pressley, M. (2008). Mentoring Beginning Primary Teachers For Exemplary Teaching Practices. Teaching and Teacher Education, 24, 684–702USPTO (March 2010) How To Build A Mentoring Program – A Mentoring Program Tool Kit, Leadership DevelopmentProgram, Retrieved from https://www.aapa.org/WorkArea (23/07/15)

Page 77: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

69

Dabalee I: Deeggaramtoota Waliin Gabaasa Qindeessuu

Walitti dhufeenya gaarii qabaachuun waliin hubannoo ijaaruu fi deeggaramtoota waliin wal amantaa qabaachuun caacculee murteessaa deeggarsa ogummaa bu’a qabeessaati. Deeggartoonni karaa walitti dhufeenya waliinii qabaachuu, walamantummaa uumuufi icciitii eeguun gabaasa deeggaramtoota waliin qopheessuu ni danda’u.

A) Walitti Dhufeenya Namootaa

Deeggarsi ogummaa waa’ee walitti dhufeenya namoota gidduutti uumu keessatti isa jalqabaati.Namoonni walitti dhufeenya deeggarsa ogummaa waliin qaban, fedhii wal-hubannoo qabaachuufi walitti dhufeenya sodaachisan kamiyyuu to’achuu qabu. Kanneen armaan gadii agarsiistu walitti dhufeenya gaarii namoota gidduutti taasifamuuti. Gorsi barbaachisoo xiyyeeffannoon hubannoo keessa galchuu qabdu gaditti dhihaatanii jiru.

a) Gochi taasifamuufi gargaarsa kennamu ilaalchisee yaada deeggaramtoonni kee dhiheessaniif xiyyeeffannaa kenni.

b) Yaadolee deeggaramtoonni kennan irraa deebiin haala sii galeen hubachuun ergaa barbaachisu adda baasi.

c) Haasawaa/marii taasistan keessaa qabxiilee ijoo filachuun yaada cuunfaa dhiheessi.

d) Gaaffiiwwn banaa ta’an gaafachuu.

• Qorachuu/Gaafachuu:Gaaffilee banaa gaafachuun, mata dureewwan bal’inaan irratti mari’atamu yookaan ibsi kennamuun gadi fageenyaan xiinxalamuu qaban adda baasi.

• Of madaaluu/saaxiluu: walitti dhufeenya waliin cimsuuf, miira dhuunfaa ilaalchaafi muuxannoo kee qoodi.

• Hiika itti kennuu:Wantoota karaa adda addaatiin ilaaluuf yaadolee deeggaramtootaa akka filannootti dabaladhu.

• Ittisuu:Dhimmoota deeggaramtoota akka rakkootti mul’atan irratti oso isaan hin yakkiin, hamilee hintuqin jajjabeessuuf gaaffilee fayyadami.

Haala qabatamaa ta’e tokko keessatti agarsiistonni kunneen deeggaramtoota kee wajjin walitti dhufeenya bu’a qabeessa ta’e taasisuuf sigargaara jedhamee amanama. Haata’u malee, walitti dhufeenya gaarii uumuu keessatti yeroo hundaa gufuuwwan nijiru.

Page 78: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

70

Isaanis:

i. Waa’ee amala/yaad-qalbii deeggaramtootaa ilaachisee yaada murtoo, “sirrii” yookaan “dogoggora” jechu, kennuu; waan “gochuu qaban” yookaan “gochuu hinqabne” itti himuu.

ii. Deeggaramtoota jajjabeessuu, yaada jidduutti waliigaluu dhiisuu.

iii. Deegaramtootatti karaa sirrii ta’e akka hojjatan himuu.

iv. Sagalee jabaa fayyadamuun, obsa dhabuu agarsiisuun, yeroo addaan citu dallansuu agarsiisuun yookaan abbaa irree fakkaachuun deebii deeggaramtootaa osoo hin dhaggeeffatiin dubbachuu.

v. Wantoota dhuunfaa deeggaramtootaaf hinfayyanne yookaan wal hinsimne walitti firoomsuu.

Walitti dhufeenya deeggaramtoota kee waliin taasfturratti kanneen gufuu ta’an kunneen dhabamsiisuu qabda. Karaan ati dhabamsiisuu dandeessus,waa’ee gufuuwwan kunneenii irratti xiyyeeffachuun akka isaan dhabaman taasisuudha.

B) Amanamummaa Uumuu

Amanamummaan amala namoonni biroo of danda’iinsa, fudhatamummaafi amanamummaa qabanirratti amanuudha.

Yoo walitti dhufeenyi deeggartootaa jidduutti amanamummaa irratti hundaa’e ijaarame, walitti dhufeenyi isaan gidduu jiru iftoominaafi gaarii ta’a. Kanaaf, amanamummaa cimsuuf gabaasa deeggaramtoota waliin qophaa’u cimsuun barbaachisaadha.

Amanamummaan akkasumaan waa’ee isaa dubbachuu qofaan kanuumamu yookaan kanneen biroo barsiisuun osoo hintaane, gocha keetiin kan uumamudha. Kanneen armaan gadii, amanamummaa uumuuf gorsoota ati deeggaramtootaa keetiif qabdudha.

i. Yeroo isaan deeggaramaan muuxannoo dhuunfaa barbaachisoo ta’an qooddadhu.

ii. Haala walitti dhufeenya deeggarsa ogummaatiin ciminaafi raawwii deeggaramtootaa galateeffadhu.

iii. Gaaffii gosa kamiyyuu jajjabeessuuf gaaffiin yaraan hinjiru jechuun deeggaramtootaa keetti himuu.

iv. Haala aadaarratti hundaa’uun akkaataa nagaa gaafachuufi keessummeessuu akka baratamuuf yeroo kenni.

v. Beekumsa deeggaramtoonni qaban irratti beekamtii kennuufi beekumsa haaraa dabaliif.

vi. Gaaffiifi yaaddeebii deeggaramtootarraa fudhachuuf qophaa’aa ta’uu. Ogummaa deeggaramtootaafooyyessuuf yaaddeebii ijaarsaafayyadami.

Page 79: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

71

C) Icciitii Eeguu

Gabaabumatti icciitii eeguun haala itti odeeffannoon waa’ee nama tokkoo eeyyama isaa/ishee malee nama sadaffaaf hinqoodamneedha. Icciitii eeguun caacculee murteessoo walitti dhufeenya deeggartootaafi deeggaramtootaa yookaan adeemsa gabaasa deeggaramtoota waliin qabaachuudha. Icciitii eeguu deeggaramtoota waliin qabaachuuf immoo deeggaramtoonni yoomiifi eessatti deeggarsa akka barbaadan dafanii hubachuu qabu. Kana malees, icciitii walii eeguu odeeffannoo waa’ee deeggaramtootaa ilaalchisee xiyyeeffataman namoota biroof dabarsuu dhiisuurratti of eeggachuu dabalata.

Kanneen armaan gadii qabxiilee icciitii eeguu qabaachuu keessatti walitti dhufeenya yeroo deeggarsa ogummaa xiyyeeffatamuu qabaniidha.

i. Gocha deeggarsa ogummaa madaallii waliin wal-qabsiisuu dhiisuu

ii. Odeeffannoo hoggansa mana barumsaa waliin qoodamuufi odeeffannoo deeggaramtootakee waliin qooddattan adda baastanii hubachuu.

iii. Yoo fooyya’iinsa adeemsa deeggarsa ogummaa kan gabaaftu ta’e, deeggaramtootaa wajjin waliigaltee qabaachuu

iv. Dadhabina deeggaramaa keetii nama sadaffattis ta’e hiriyyaa dhiyootti hin himin.

v. Wantoonni deeggaramtoonni kee fooyyessuu qaban yoo jiraate, kallattiidhuma deeggaramtoota keetti himi; jaarsummaa qaama biroo hinbarbaadiin.

Walumaagalatti, maleenyota armaan olii kana shaakaluudhaan (walitti dhufeenya gaarii uumu qabaachuufi icciitii eeguun cimsachuu) deeggartoonni deeggaramtoota waliin walitti dhufeenya uumuufi gareen lamaanuu muuxannoo deeggarsa ogummaa irraa fayyadamoo ta’u.

Page 80: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

72

Dabalee II. Wixinee Daawwannoo Barannoo Afaan Dhalootaa (Kutaa 1-4)

Maqaa mana barumsaa ________ Maqaa deeggaramaa/tuu _____________

Kutaafi Daree __________Torban ________ Maqaa Guyyaa ________ Wayitii __________

Mataduree _____________ Mata duree xiqqaa ____________________ Guyyaa __________

Barannoo Afaan Dhaloota Barbaachisoo Waliigalaa

Lakk. Ibsaawwan Eeyyee Lakki Yaada1 Barsiisaan/tuun kitaaba barattootaadaree barnootaa

fiduun itti fayyadama/ti.2 Barattoonni kitaaba barattoota gara daree barnootaa ni

fidu.3 Barsiisaan/tuun qajeelcha barsiistotaa daree keessatti ni

fayyadama/ti.4 Barsiisaan/tuun karoora barannoo ni qopheessa/ti5 Hojiileen karoora barannoo hojiilee qajeelcha barsiistotaa

keessa jiran wajjin wal-sima.6 Waanti biroon yoo jiraate barreessssuun madaali.7

Safartuuwwan Daawwannaa Barannoo Baruufi Barsiisuu Afaan Dhalootaa

• Hojiirra Oolchuu (HO): Barsiisonni wantoota daawwatan (amala/gahee/hojiiwwan) tokko akka qajeelcha barsiisotaa keessatti ibsameen ykn akkaataa dandeettiifi kalaqa isaanii irratti hundaa’uun fooyyessanii hojiira oolchuu.

• Dagaagsuu (D): Barsiisonni wantoota daawwatan (amala/hojiiwwan) haala sababa qabeessa ta’een hubachuufi gahumsa dandeettii agarsiisuu qabu. Haata’u malee, iddoo fooyya’iinsaafi xiyyeeffannoon kennameef nijiraata.

• Jalqabuu (J): Barsiisonni wantoota daawwatan (amala/gahee/dandeettii) akkaataa guutuu hintaaneefi walqabatiinsa hinqabneen ykn hubannoo quubsaa hintaaneefi dandeettii gabbataa hintaaneen gocha tokko yoo dhiyeessan, gochaalee kanaaf fooyya’iinsi barbaachisan taasifamuufii qabu.

• Hojiin Agarsiisuu Dhiisuu (HADh): Dalagaan ykn dandeettiiwwan barannoo murtaawaa keessatti ni barbaachisu. Haata’u malee, barsiisaan/tuun itti hinfayyadaman/ hinagarsiisan.

• Hojiirra Kan Hinoolle (HKH): Dalagaan/amalli/ dandeettiin barannoo murtaawaafi hinbarbaachisan.

Page 81: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

73

Lakk. Gochaalee BarsiisotaaSadarkeessoo Madaallii Yaada

(Ragaa)Ho D J HADh HKH

1 Barsiisaan/tuun barannoo darbe yaadachiisuu2 Barsiisaan/tuunfaayidaa qabiyyee barannoo

guyyaa barattootaaf ni’ibsa/ti.3 Barsiisaan/tuun qabiyyee guyyichaa dursee/

tee ilaaluun gaaffii gaafachuu. Yookaan, yaadoleebarbaachisoo cuunfuun ibsuu yookaan qabxiilee ijoo caattoo fayyadamuu ni dhiheessa/ti..

4 Barsiisaan/tuun kaayyoo barannoo guyyichaa ni dhiheessa/ti.

5 Barsiisaan/tuun tooftaa ykn tarsiimoo barbaachisoo ta’an barattootatti ni agarsiisa/ti.

6 Barsiisaan/tuun qabiyyee barannoo wal-duraa duubaan dhiheessa/ti

7 Barsiisaan/tuun dhuunfaafi gareen barachuu ni jajjabeessa/ti.

7.1 Barsiisaan/tuun garee barattoota hundaa waliin hojjeta/ti.

7.2 Barsiisaan/tuungareewwan xixiqqaa fayyadama/ti (Barattoota 3 hanga 6).

7.3 Barsiisaan/tuun hojii cimdii fayyadama/ti.7.4 Barattoonni of danda’anii hojii dhuunfaa

keessatti hirmaachuu.8 Barsiisaan/tuunfedhii barattootaa adda addaa

guuta/ti (baruufi barsiisuu fedh-heddee)8.1 Barattoonni hojii adda addaa hojjatamu irratti

hirmaachuu.8.2 Barsiisaan/tuun muraasaaf fedhii dhuunfaa

barataa/tuutiif dhimmama/ti.8.3 Tokkoon tokkoo barataa/tuu hojii dhuunfaa

hojjetamuu qabu irratti hirmaachuu.8.4 Gaaffileen barsiisaa/tuu haala wal-qixa ta’een

barattoota dhiiraa fi dubaraaf kennamuu.8.5 Gaaffileen barsiisaa/tuu barattoota gosa adda

addaa hirmaachisu.9 Barsiisaan/tuun kaayyooyleefi qabiyyeewwan

barannoo hundaa dhiheessa/ti.10 Barsiisaan/tuun kaayyoon barannoo haaraa

yookaan qabiyyee gareen yookaan dhuunfaan akka shaakalaniif barattootaaf carraa nikenna/ti.

Page 82: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

74

11 Barsiisaan/tuun barattoonni qabiyyeewwan barannoo yookaan hojiilee daree keessatti baratan akka cuunfan yookiin calaqqee dhiheessan ni taasisa/ti.

12 Barsiisaan/tuutn barattoonni sirriitti hubachuu beekuuf gaaffii afaanii yookaan hojii daree ni kenna/ti.

13 Barsiisaan/tuun gaaffilee yaaduufi odeeffannoo qindeeffachuu barbaadan barattoota ni gaafata/ti.

14 Barsiisaan/tuun barattoonni gaaffilee irratti hundaa’uun yaaddeebii hiriyyaa isaaniif akka kennan ni taasisa/ti.

15 Barsiisaan/tuun yaaddeebii ijaarsaa barattootaaf ni kenna/ti.

16 Barsiisaan/tuun hojii manaa kennuu fi sirnaan to’achuu ykn sororsuu (Hub. Dhimmoota lamaan kunneen keessaa tokko hojjetameera yoo ta’e, mallattoo itti taaasisuun agarsiisi).

Hubachiisa: Birkii wixinee hojii daawwannaa kana daawwannaa barannoo hundaaf qopheessuun barbaachisaa hin ta’u. Deggeraan/tuun akka meeshaa odeeffannootti yeroo daawwannaa barannoo gaggeessu/tu fayyadamuufi odeeffannoo ittiin qabachuun yeroo marii, calaqqeefi fooyya’insaaf itti gargaarama/ti.

Birkiilee Wixinee Hojii Kana Kanneen Barannoo Murtaawaaf Barbaachisan Fayyadami.

Lakk Gochaalee BarsiisotaaSadarkeessoo Madaallii Yaada

(Ragaa)HO D J HADh HKH

I Hubannoo Sagalee DubbiiBarsiisaan/tuun barattoonni dhagdubbiidhaan:• Afaan dhalootaa keessatti jechoota

ykn sagaleewwan akka adda baasuun taasisuu.

• Jechoota dhumarratti sagalee walfakkaataa qaban akka uuman, adda baasan, hubatan taasisuu.

• Jechoota himoota keessatti argaman akka adda baasan taasisuu.

• Birsagootaafi dhaamsagoota Walitti makuu.

• Dhaamsagoota, birsagootaa fi dhamjechoota akka jechoota keessa qoqqoodan taasisuu.

Page 83: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

75

• Afaan dhalootaa keessatti saglaeewwan jechoota keessatti argaman, adda baasuu, haquu yookaan akka bakka buusan taasisuu. (gohca murtaa’aa raawwate tokko madaaluuf iddoo yaanni ibsamutti agarsiisi

II Hubannoo Walitti Dhufeenya Qubeefi SagaleeBarsiisaan/tuun Barattoonni:• Qubeewwan sagaleen walsimsiisuun

akka shaakalan taasisuu (sirriitti maqaa waamuun)

• Qubeewwan akka adda baasan taasisuu.• Qubeewwan sirriitti akka barreessan

taasisuu • Mallattoo sagalee jecha jalqabarratti,

gidduuttiifi dhumarratti argaman akka adda baasan taasisuu.

• Jechoota akka dubbisanii hubatan taasisuu

• Jechoota birsagoota tokkoo ol qaban akka dubbisanii hubatan taasisuu.

• Qubee, birsagootaafi dhamjecha akka walitti makan taasisuu.

• Jechoota bu’uuraa seera qubeessuu bu’uuraarratti hundaa’uun barreessisuu.

III Ga’umsaan DubbisuuBarsiisaan/ttuun Barattoonni:

• Jechootaafi gaaleewwan sirriifi saffisaan akka dubbisan taasisuu.

• Barreeffama kenname saffisa sirrii ta’een akka dubbisan taasisuu.

• Sirna tuqaalee eeguun, ibsa waliin dubbisuufi sagalee olkaasuufi gadi buusuun dubbisa akka shaakalan taasisuu.

• Irra deebi’uun dubbisuu, hiriyaa waliin dubbisuufi owwaattoon akka dubbisan taasisuu. (tokkoon tokkoo isaanii yoo hojiirra oolan madaali)

• Moodeela dubbisuu barsiisaa/tuu yookaan moodeela dubbisuu barattootaa akka dhaggeeffatan taasisuu.

• Kaayyoo murtaa’aaf callisaan akka dubbisan taasisuu.

IV Fayyadama JechaaBarsiisaan/tuun Barattoonni:

Page 84: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

76

• Jechoota haala walfakkaataniin adda baasanii akka ramadan taasisuu.

• Walitti dhufeenya jechaa agarsiisuuf, maappiiwwan hiikaa/caatoowwan akka fayyadaman taasisuu.

• Fayyadama jechaa haaraafi kan kanaan dura baratame yoomessa garaagara keessatti akka baratan taasisuu.

• Yoomessa hedduu keessatti jechoota fayyadamuun sirriitti akka hubatan taasisuu.

• Hiika jechoota faallaafi wal-fakkaataa akka hubatan taasisuu.

• Hiika jechaa hubachuuf caasaa jechaa fi himaa keessatti akka fayyadaman taasisuu.

• Jechoota barumsaafi jechoota ijoo akka adda baasan taasisuu.

V Hubannoo DhaggeeffachuuBarsiisaan/tuun Barattoonni:• Waa’ee dubbisa (barreeffama) dhihaatee

akka tilmaaman taasisuu.• Beekumsa duraanii dubbisa

(barreeffama) dhaggeeffatan waliin akka walqabsiisan taasisuu.

• Seeneffama dhaggeeffatan muuxannoo dhuunfaafi beekumsa duran qaban waliin akka walqabsiisan taasisuu.

• Qooddattoota, yoomessaafi taateewwan seeneffama dhihaate keessaa akka adda baasan taasisuu.

• Gaaffilee seeneffama dhihaate hundaa’aniifi miiltawaa ta’an akka deebisan taasisuu.

• Odeeffannoo barbaachisaa ta’e fayyadamuun seeneffama akka irra deebi’anii himan taasisuu.

• Barreeffama (seeneffama) dhihaate keessaa odeeffannoo baay’ee barbaachisaa ta’e akka cuunfan taasisuu.

Page 85: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

77

Vi Hubannoo DubbisuuBarsiisaan/tuun Barattoonni:• Waa’ee barreeffama dubbifamuu akka

tilmaamman aasisuu.• Waa’ee barreeffama dubbifamuu

tilmaamuuf jechoota bu’uura ta’an akka fayyadaman taasisuu.

• Beekumsa duraanii barreeffama dubbifamu waliin akka wal-qabsiisan taasisuu

• Dubbisa gidduutti dhaabuun wanta dubbisan akka yaadan taasisuu.

• Odeeffannoo dubbisa keessa jirurratti hundaa’uudhaan tilmaama isaanii akka mirkaneeffatan taasisuu.

• Dubbisa dhihaate muuxannoo dhuunfaafi beekumsa duraan qaban waliin akka walitti fidan taasisuu.

• Seeneffama/dubbisa dhihaate keessaa qooddattoota, yoomessaa fi taateewwan akka adda baasan taasisuu.

• Gaaffilee seeneffama dhihaate irrtti hundaa’aniifi miiltawaa ta’an akka deebisan taasisuu.

• Yaadolee dhugaa/yaada dhuunfaa, sababa/bu’aa akka adda baasan taasisuu.

• Waa’ee dubbisa dhihaatee hubachuuf, chaartiiwwan, gabateewwan, fakkiiwwan, paappiiwwan akka fayyadaman taasisuu.

• Odeeffannoo barbaachisaa ta’e fayyadamuun seeneffama akka irra deebi’anii himan taasisuu.

• Barreeffama/seeneffama dhihaate keessaa odeeffannoo baay’ee barbaachisaa ta’e akka cuunfan taasisuu.

VII BarreessuuBarsiisaan/tuu akka barattoonni:• Dhaggeeffachuu shaakaluu

(dhaggeeffachuun jechoota barreessuu)• Jechootaa fi himoota sasalphaa ta’an

barreessuu.• Sirna tuqaalee garagaraatti fayyadamuun

shaakaluu.• Qindeeffama caatootti fayyadamuun

barreessuu shaakaluu (keeyyata tokkoofi isaa ol)

• Dubbisa yookaan barreeffama cuunfuu

Page 86: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

78

• Gochaaleen barannoo irra caalaa milkaa’oo ta’an isaan kami? ________________________

• Qaamni barannoo fooyya’insa barbaadu isa kami? ________________________

• Fooyya’iinsaaf yaada maalii qabdaa? _______________________________________

Maqaa Deeggaraa/tuu _____________________

Mallattoo _______________________________

Guyyaa ________________________________

Page 87: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

79

Dabalee III. Qiyyeeffannoo Daawwannoo Barannoo Afaan Dhalootaa (Kutaa 5-8)

Maqaa Mana Barumsaa _________________________ Maqaa Deeggaramaa/tuu ____________

Kutaafi daree ___________ Torbee __________ Guyyaa __________ Wayitii ______________

Mata duree _____________ Mata duree xiqqaa _________________ Guyyaa ______________

Barannoo Barbaachisoo Waliigala Afaan Dhalootaa

Lakk. Ibsa Eeyye Lakki Yaada1 Barsiisaan/tuun kitaaba barattootaa gara dareetti fiduun itti

fayyadamuu2 Barattoonni kitaaba qabatanii daree niseenu.3 Barsiisaan/tuun qajeelcha barsiistotaa daree keessatti

nifayyadama.4 Barsiisaan/tuun karoora barannoo niqopheessa/tti.5 Gochaaleen karoora barannoo keessatti qophaa’iinfi

kanneen qajeelcha barsiistotaa keessa jiran waliin walsimu.6 Kan biroon yoo jiraate barreessi.7

Gosoota Daawwannaa Barannoo Barumsa Afaan Dhalootaaf Barbaachisan

• Hojiirra Oolchuu (H): Barsiisonni amala yookaan ga’ee/hojiiwwan akka qajeelcha baasiistotaa keessatti irraa eegamutti yookaan kalaqa/yaada haaraa burqisiisanhaala fooyyee qabuun agarsiisu.

• Dagaagsuu (D): Barsiisonni amala yookaan gocha karaa fudhatama qabuufi sirrii ta’een agarsiisuun gochaa hubachuuf dandeettii ga’umsaa niagarsiisu. Haata’u malee bakki fooyya’uu qaban jiraachuu isaa beekuu qabu.

• Jalqabuu (J): Basiisonni amala yookaan ga’ee/dandeettii hin xumuramiin yookaan kan wal-hinsimne/hubannoo ga’aa hintaaneefi dandeettii sirrii yookaan gocha raawwataniif fooyya’iinsa barbaaduu.

• Hojiin Agarsiisuu Dhiisuu (HADh): Dalagaan ykn dandeettiiwwan barannoo murtaawaa keessatti ni barbaachisu. Haata’u malee, barsiisaan/tuun itti hinfayyadaman/ hinagarsiisan.

• Hojiirra Kan Hinoolle (HKH): Gocha, amala yookaan dandeettii barannoo murtaa’oof hinbarbaachisu.

Page 88: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

80

Lakk. Gochaalee BarsiisotaaSadarkeessoo Madaallii Yaada

(Ragaa)HO D J HADh HKH

1 Barsiisaan/tuun barannoo darbe yaadachisuu2 Barsiisaan/tuun faayidaa qabiyyee barannoo

itti aanee dhufu barattootaaf ni’ibsu.

3Barsiisaan/tuun qabiyyee dursaa ilaaluun gaaffii gaafachuu yokaan yaada ijoo ta’an keessa deebi’uun barattootaaf ibsuu yookaan qindeessitoota jijjiirama argasiisan dhiheessuu (qindeeffamoota caatoo yookaan gumee)

4 Barsiisaan/tuun kaayyolee barannootiin walbarsiisu.

5 Barsiisaan/tuun tooftaafi tarsiimoo barbaachisoo ta’an barattootaaf ni’agarsiisu.

6 Barsiisaan/tuun qabiyyee barannoo wal-duraa duubaan dhiheessu.

7 Barsiisaan/tuun barachuu dhuunfaafi gareenijajjabeessu. Barsiisaan/tuun garee barattoota hundaa waliin hojjetu.Barsiisaan/tuun garee xiqqaa fayyadamuu (Barattoota 3-6)Barsiisaan/tuun hojii cimdiitti fayyadamu.Barattoonni hojii dhuunfaa ofdanda’anii hojjetu.

8 Barsiisaan/tuun fedhii barattoota adda addaa hubachuu (baruufi barsiisuun fedha heddee)

8.1 Barattoonni hojiiwwan/abbaltiiwwan adda addaairratti nihojjatu.

8.2 Barsiisaan/tuun yeroo muraasaaf fedhii dhuunfaa barataan/tuun qabu/du beekuu nidanda’u.

8.3 Tokkoon tokkoo barataa/tuu hojiiwwan/abbaltiiwwan dhuunfaa nihojjatu.

9 Barsiisaan/tuun kaayyoowwaniifi qabiyyeewwan barannoo hundaa haala quubsaa ta’een dhiyeessuu.

10 Barsiisaan/tuun barattoonni kaayyoowwan yookiin qabiyyeewwan barannoo haaraa garee dhuunfaan akka shaakalan carraa nikenna.

11 Barsiisaan/tuunqabiyyee barannoo ykn gochaalee akka cuunfan ykn waan daree keessatti baratan calaqqee akka kennaniif barattoota gaafatu.

Page 89: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

81

12 Barsiisaan/tuun barattoonni barannoo dhiyaate sirriitti hubachuu isaanii gaaffilee afaaniifi hojii daree fayyadamuun mirkaneeffatu.

13 Barsiisaan/tuun gaaffilee barattoonni akka yaadaniifi odeeffannoo qindeeffatan taasisan gaafatu.

14 Barsiisaan/tuun yaaddeebii hiriyyeetiifi deebbiiwwan gaaffilee akka kennan carraa uumuu qaba.

15 Barsiisaan/tuun yaaddeebii ijaarsaa barattootaaf kennu.

16 Barsiisaan/tuunhojii manaa kennuufi sirnaan to’achuu fi sororsuu (yoo barbaahcisaa ta’e gosa lamatti qoodi ykn gochaalee keessaa tokko hojjetameera yoo ta’e mallattoo itti taasisuun kaa’i.

Hubachiisa: Birkiin daawwannaa qiyyeeffannaa kun daawwannoo barannoo hundaaf maxxansuun barbaachisaa miti/hin ta’u. Deeggertoonni birkii kana yemmuu daawwannaa qabatamaa gaggeessan akka wabiitti fayyadamuufi yaadannoo isaanii marii calaqqeewwaniifi fooyya’iinsaaf banaa taasisuu qaban.

Birkii qiyyaafannoo kan barannoo murtaawaaf barbaachisoo ta’e itti fayyadami.II Qo’annaa Jechootaa

Barsiisonni akka barattoonni:• Jechoota uumuuf sagaleessan dubbiifi

birsagoota walitti makuu• Jechoota haaraafi dhedheeroo ta’an

birsagoota, sagaleewwan dubbiifi dhamjechootatti qooduu.

• Jechoota haaraa hubachuu.• Dubbisuufi hubachuu jechoota dubbisa

bu’uureffatan shaakaluu.III Hubannoo Dubbisuu

Barsiisonni akka barattoonni:• Waa’ee dubbisaa tilmaamu.• Odeeffanno dubbisicharrattihundaa’uun

yaada tilmaamame mirkaneeffatan.• Seeneffama barreeffamaa muuxannoo

dhuunfaa, beekumsa duraaniifi yaada dubbisa biroo waliin wal simsiisuu.

• Yeroo dubbisuu tarsiimolee ofiin of madaaluu fayyadamu (dubbisa dhaabanii ittifufuun dubbisu, irradeebi’uun dubbisuufi kkf).

• Gaaffilee dubbisa keessaa bahaniifi gaaffilee miilta’oof deebii kennuu.

Page 90: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

82

• Seeneffama keessatti qooddattoota,yoomessuufi taateessan adda baasuu.

• Garaagarummaa/gadifageenya,haqa/yaada dhuunfaa, sababa/bu’a.

• Waa’ee dubbisa kitaaba barattootaa barachuuf chaartiiwwan, gabateewwaniififakkiiwwan yookiin maappiiwwanitti fayyadamuu.

• Odeeffannoo barabachisoo osoo hinhambisiin seeneffamicha irradeebi’anii himuu.

• Yaada/odeeffannoo baayyee murteessaa ta’e seeneffamicha/ dubbisicha keessaa cuunfi.

IV Fayyaadama JechootaaBarsiisaan/tuun akka barattoonni:• Jechoota adda baafachuufi akkaataa

walfakkaattii isaaniitiin gabatee keessatti ramadu.

• Maappiiwwan/caatoowwan walitti dhufeenya hiika walfakkaataa agarsiisan ittifayyadamu.

• Fayyadama jechootaa haafaafi duraanii haala garagaraa keessatti barachuu.

• Jechoota hiika walfakkaataa qabaniifi hiika faallaa qaban irratti shaakaluu/hojjechuu.

• Hiika jechaa argachuuf, hima keessatticaasaa jechaatti fayyadami

V Barreessuu• Barsiisaan/tuun qindeeffama caatoowwan

garagaraa fayyadamuun akkaataa barreeffamni adda addaaitti barreeffamu moodeelessuun agarsiisuu

• Barsiisaan/tuun akka barattoonni caasaa kennameef irratti hundaa’uun akkamitti akka barreeffama jalqabaa barreessan, gulaalaniifi barreeffama xumuraa qopheessan moodeelessuu.

• Barsiisaan/tuun akka barattoonni mata duree kenname irratti caatootti fayyadamuun barreeffama garaagaraa akka qopheessan taasisa.

• Barsiisaan/tuun barattootaisaa/ishee caasaa barreeffamaa kennamerratti akka barreeffama jalqabaa barreessan taasisu.

Page 91: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

83

• Barsiisaan/tuunbarattoota isaa/ ishee barreeffama jalqabaa akka gulaalan taasisu.

• Barsiisaan/tuunakka barattoonni barreeffama xumuraaqopheessan taasisu.

• .Barsiisaan/tuun barattoonni isaa /ishee caasaa barreeffama adda addaa fayyadamuun barreeffama garaagaraa akk qopheessan taasisuu

• Barsiisaan/tuun barattoonni isaa /ishee seera barreeffamaa eeguun barreessuu akka shaakalan taasisu (qubeessuu, sirna tuqaalee)

VI Ga’umsaBarsiisaan/tuun akka barattoonni: • Jechootaafi gaaleewwan sirriitti akka

dubbisan taasisuu.• Dogoggora jechootaa uumamaniif of

sirreessaa deemuu shaakaluu.• Barreeffama sirrummaa, saffisaafi

ga’umsaan walqabsiisanii dubbisu.• Sirna tuqaalee, ibsa, olka’insaafi

gadibu’insa sagalee hordofuun dubbisuu shaakalu.

• Barsiisaan/tuun daqiiqaan saffisa dubbisuu barattootaa madaalu.

• Barsiisaan/tuun ibsa waliin dubbisuu barattootaa tooftaalee garaagaraatti fayyadamuun madaalu.

VII Hubannoo Dhaggeeffachuufi DubbachuuBarsiisaan/tuun akka barattoonni:• Waa’ee barreeffamichaa tilmaaman

taasisu.• Odeeffannoo barreeffamichaarratti

hundaa’uun yaada tilmaame mirkaneessuu.• Seeneffamicha muuxannoo dhuunfaa,

beekumsa duraaniifi barreeffamoota biroo waliin walqabsiisuu.

• Barreeffamicha xiyyeeffannoon dhaggeeffachuu, yaadannoo qabachu (yoo barbaachise)fi gaaffilee wayita dhaggeeffachuu deebisu.

• Gaaffilee dubbisa irratti hundaa’aniifi miilta’oo nideebisu.

• Seeneffamicha keessaaqooddattoota, yoomessaafi taateewwan adda baafatu.

Page 92: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

84

• Sababa/taatee, haqa/yaada dhuunfaa, garaagarummaan gadifageenya fayyadamuu.

• Odeeffannoo barbaachisoo ta’an osoo hinhambisiin seeneffamicha irra deebi’anii seenessu.

• Seeneffamicha/dubbisicha keessaa yaada/odeeffannoo baayyee barbaachisoo ta’an cuunfuu.

• Waa’ee barreeffamichaa irratti mari’achuufi haasaa taasisuu

• Dhimmoota biroo barreeffamicha waliin wal-qabsiisuun haasaa taasisuu

• Dhimmoota filataman bu’uura godhachuun deeggaraafi mormaata’anii falmii gaggeessuu.

• Mata duree kennamerratti waliin dubbii gaggeessuufi akka qooddattoota diraamaafi walaloo keessatti ga’ee taphachuu

VII Caasluga• Barsiisaan/tuun ruqaalee caaslugaa guyyaa

ibsuun ifa nitaasisu.• Barsiisaan/tuun fakkeenya caaslugaa

hubannoo barattootaa deeggaru nikennu.• Barsiisaan/tuun barannoo caaslugaa

barsiisuuf chaartiiwwan, caatoowwaniifi gabateewwaniitti nifayyadamu.

• Barsiisaan/tuun caasluga hojiirra oolchuuf gochaalee garaagaraa nikennu.

• Birkiileen ykn Gochaaleen barannoo caalmaatti milkaa’oo ta’an kam fa’i?

___________________________________________________________________________

• Birkiileen barannoo fooyya’insa barbaadan isaan kami?

___________________________________________________________________________

• Fooyya’insa kanaaf yaada maalii qabdaa?

___________________________________________________________________________

Maqaa deeggaraa/ttuu: _______________________________

Mallattoo________________________________________

Guyyaa _________________________________________

Page 93: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015

Maanuwaalii Deeggarsa

85

Dabalee IV. Poortifooliyoo Ogummaa Qopheessuu

Poortifooliyoo Barsiisuu jechuun akka barsiisaa/tu dagaagina ogummaa kee galmeessuun qabachuudha. Inni kun falaasama barsiisuu, maleenya barsiisuufi dagaagina ogummaa kan ibsudha. Dabalataanis, muuxannoo galmee barsiisuu dhuunfaa kan ofkeessatti qabateefi adeemsa ogummaa fooyyessuu keessatti kan calaqqisudha.

Poortifooliyoon barsiisuu akka bu’aa calaqqee gochaalee barsiisuu kaayyoo guddina ogummaa fi akka meeshaa namoota biro waliin ittiin walqunnamanitti kan fudhatamudha. Akka yaadaatti, namni itti gaafatamummaan barsiisuu, poortifooliyoo barsiisuu kuufameefi guyyaa guyyaan fooyya’aa deemu qabaachuu qaba. Kun immoo, dagaagina ogummaa galmaa’ee taa’uu isaa mirkaneeffachuufi shaakaloota kallattii agarsiisan akka jiaatan taasisuufi.

Barsiisota afaan dhalootaatiif poortifooliyoon barsiisuu gochaalee ogummaa deeggartoota waliin irratti hirmaataniifi bu’aa isaaniirraa argame sirrumman galmeessuufi ibsuudha. Bu’aaleen kunneen akka jijjiirama ilaalcha barsiisummaa (falaasama barsiisuu) irratti qaban, jijjiirama shaakala barsiisuu barsiisotaafi jijjiirama fooyya’iinsa barattootaa kan (fkn. Ogummaa dubbisuufi barreessuu) fiduuf gargaarudha.

Poortifooliyoo barsiisuuf qindeessuudhaaf uukaaleen adda addaa ni jiru. Isaan kunis, birkiilee sadiitti qooduun maaltu akka itti dabalmu, qiyyaafannoo gargaaranii fi calaqqee barsiisuufi kuusuu keessatti fayyadan armaan gadii hubachuu ni danda’ama.

Birkii A. Odeeffannoo Waliiglaaa

1) Fuula irra keessaa barreeffamichaafi odeeffannoo dhuunfaa, kana jechuun (maqaa, Ga’ee hojii, maqaa mana barumsaa, guyyaa)

2) Ibsa hojii fi itti gaafatamummaa…

3) Seenaa dhuunfaa (SDH): tarreeffama gahumsa barnootaa, leenjiifi hojii…

Birkii B: Deeggarsa Ogummaa Kennuu

1) Karoora gochaa deeggersa ogummaa2) Claqqee gochaalee deggarsa ogummaa3) Ragaa (karoora barannoo, calaqeewwan barannoo) yaaddeebii deggaraafi kkf) gochaalee deggersa

ogummaa hundi karoora gochaa keessatti dursa argatan.

Birkii C. Xiinxala Raawwii Hojii

1) Bu’aa deggarsa ogummaarratti calaqqee dhuunfaan taasisuu. - Dhiibbaa ogummaa barsiisummaa, ilaalchaa fi dagaagina beekumsaa irratti qabuufi - Barachuu barattootaa (hirmaannaa, barattootaa fooyya’iinsa qabxii barattootaafi kkf)

2) Ragaa akkaataa madaqiinsa barannoo keetii daa’imman fedhii addaa qaban ofkeessatti hammachiisuuf taasifte agarsiisu. Fkn rakkoo dhageettii qabaniifi qaroo dhabeeyyii ta’an kkf).

3) Madaallii dhuunfaafi calaqqee murteessaa ta’e raawwii karooraa gochaakee irratti gaggeessuu.

Birkii D. Dabalee

Gabaasa Deeggersa Ogummaa

Page 94: MAANUWAALII DEEGGARSA OGUMMAA BARSIISTOTA AFAAN …pdf.usaid.gov/pdf_docs/PA00MV83.pdf · BARSIISTOTA AFAAN OROMOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA TOKKOFFAAF QOPHAA’E Itoophiyaa 2015