baafata fuula mana murtii naamusa badaa, hanqinoota quunnaman balaaleffatuu fi sirreessuuf kutannoon...
TRANSCRIPT
Tarsiimoo Dagaagina Naamusaafi Ittisa Malaammaltummaa Manneen Murtii Oromiyaa
I
Baafata Fuula 1. Seensa .................................................................................................................................................. IV
2. Ergama .................................................................................................................................................. V
3. Mul’ata .................................................................................................................................................. V
4. Kaayyoo ................................................................................................................................................. V
5. Duudhaalee ........................................................................................................................................... V
6. Toora Xiyyeeffannoo Manneen Murtii Oromiyaa ................................................................................ VI
6.1. Bilisummaa fi Itti Gaafatamummaa Abbaa Seerummaa Mirkaneessuu ...................................... VI
Kutaa Tokko .................................................................................................................................................. 8
1. Kaayyoo, Barbaachisummaa, Ka’umsaa fi Daangaa Raawwatiinsaa Tarsiimoo Dagaagina
Naamusaafi Ittisa Malammaltummaa .......................................................................................................... 8
1.1. Kaayyoo ......................................................................................................................................... 8
1.2. Barbaachisummaa Tarsiimichaa ................................................................................................... 8
1.4. Ka’umsa Tarsiimichaa......................................................................................................................... 8
1.4.1.Bulchiinsa Gaarii Mirkaneessuuf Kallattii Mootummaan Qabatee Jiru ....................................... 8
1.4.2. Sagantaa Fooyya’iinsa Sirna Haqaa ............................................................................................. 9
1.4.3.Kallattii Karoora Guddinaa fi Jijjiiramaa ....................................................................................... 9
1.4.4.Miidhaa Malaammaltummaan Qaqqabsiisaa Jiru. ..................................................................... 9
1.4.5. Malaammaltummaa Ittisuuf Itti Gaafatamummaa Manneen Murtii Oromiyaa ...................... 10
2. Xiinxala Haalawwanii Manneen Murtii Oromiyaa Keessa Jiran ......................................................... 11
2.1. Cimina,Dadhabina,Haala Mijataa fi Sodaa Irratti Xinxala Gaggeessuu ...................................... 11
2.1.1. Ciminaalee Jiran .................................................................................................................. 11
2.1.2. Hanqinaalee Mul’atan ......................................................................................................... 12
Xiinxala Haalawwanii ........................................................................................................................... 12
2.1.3. Carraawwan jiran ............................................................................................................... 12
2.1.4. Sodaawwan ......................................................................................................................... 12
3. Dagaagina Naamusaa .......................................................................................................................... 13
Barbaachisummaa Naamusa Hojii Abbaa Seerummaa ........................................................................... 13
3.1.1. Mirga lammiilee kabachiisuu .............................................................................................. 13
3.1.2. Amantaa Uummataa Horachuu .......................................................................................... 13
3.1.3. Guddina Dinagdee Saffisiisuu ............................................................................................. 14
Tarsiimoo Dagaagina Naamusaafi Ittisa Malaammaltummaa Manneen Murtii Oromiyaa
II
3.1.4. Nageenya Mirkaneessuu .................................................................................................... 14
3.1.5. Sirna Dimookiraasii Dagaagsuu ........................................................................................... 14
3.1.6. Olaantummaa Seeraa Mirkaneessuu .................................................................................. 15
4. Madda ykn ka’umsa Badii Naamusaa ................................................................................................. 15
4.1. Rakkoo Fo’annoo fi Filannoo. ...................................................................................................... 15
4.2. Rakkoo Ilaalchaa ......................................................................................................................... 16
4.2.1. Rakkoo Ilaalcha keessoo .................................................................................................... 16
4.2.2. Rakkoo Ilaalchaa Ala Jiru ..................................................................................................... 17
4.3. Hanqina Mindaa fi Fayidaa ............................................................ Error! Bookmark not defined.
4.4. Dhiibbaa Kallattii Gara Garaa Irraa Dhufu .................................................................................. 20
4.4.1. Dhiibbaa Xiinsammuu Qaamolee Alaa Gara Garaa Irraa Dhufu ......................................... 20
4.4.2. Dhiibbaa Namoota (qaamota) Himataman Irraa Dhufu ..................................................... 21
4.4.3. Dhiibbaa Abukaatota Dhuunfaa Irraa Dhufu ...................................................................... 21
4.4.4. Dhiibbaa Hiriyaa Al-Naamusaawaa Irraa Dhufu.................................................................. 21
4.4.5. Dhiibbaa Maatii fi Firoota Irraa Dhufu ................................................................................ 22
5. Ittisa Malaammaltummaa ................................................................................................................... 22
5.1. Sakatta’iinsa Saaxilamummaa ..................................................................................................... 22
5.1.1. Daayirektoreetii Hojii Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa ............................................ 23
5.1.2. Waajjira Gumiifi Daayireektoreetii Misooma Qabeenya Humna Namaa ........................... 24
5.1.3. Daayireektoreetii Bittaa, Bulchiinsaa fi Faayinaansii ......................................................... 25
5.1.4. Daayirektoreetii Odiitii Keessaa .......................................................................................... 26
5.1.5. Waajira Naamusaa fi Inispeekshinii .................................................................................... 27
5.1.6. Daayireektoreetii Bulchiinsa Qabeenya Tajaajila Waliigalaa ............................................. 28
Kutaa Jaha ................................................................................................................................................. 29
6. Tooftaawwan Raawwii Tarsiimichaa ................................................................................................... 29
6.1. Tooftaawwan Dagaagina Naamusaa ........................................................................................... 29
6.1.1. Manneen Barnootaa fi Dhaabbilee Barnoota Ol’aanoo Waliin Hojjachuu ........................ 30
6.1.2. ILQSO waliin Hojjachuu ....................................................................................................... 30
6.1.3. Manneen Amantaa fi Abbootii Amantaa Waliin Hojjachuu ............................................... 31
6.1.4. Waltajjiiwwan Hubannoo Uuman Qopheessuu .................................................................. 31
6.1.5. Hojiilee Maxxansaa Gara Garaa Hojjachuu ......................................................................... 31
6.2. Toftaawwan Ittisa Malaammaltummaa ...................................................................................... 31
Tarsiimoo Dagaagina Naamusaafi Ittisa Malaammaltummaa Manneen Murtii Oromiyaa
III
6.2.1. Sirna Fo’annoo fi Filannoo cimsuu ...................................................................................... 32
6.2.2. Malaamaltummaa fi Saaxilamummaa Abbootii Seeraa Hirdhisuu ..................................... 32
6.2.3. Sirna Naamusa Jajjabeessu Diriirsuu fi Hojii Irra Oolchuu .................................................. 32
6.2.4. Sirna To’annoo fi Hordoffii Diriirsuun Hojii Irra Oolchuu .................................................... 32
6.2.5. Qaamolee Mootummaa Biroo Waliin Qindoominaan Hojjachuu ...................................... 32
6.2.6. Sakatta’iinsa Galmee Murtii Boodaa Gaggeessuun Hanqinaalee Mul’atan Irratti Leenjii
Kennuu 32
6.2.7. Kenniinsi Tajajila fi Hojiimaanni Jiru Iftoomaa Akka Qabaatu (transparent) fi Madaalawaa
Akka (fair trial) Taasisuu. ..................................................................................................................... 33
6.2.8. Haalawwan Seeraa fi Hojimaataa Malamaltummaaf Qaawwa Uuman Adda Baasuun
Maqsuu 33
6.2.9. Itti Gaafatamamummaa Mirkaneessuu .............................................................................. 33
Tarsiimoo Dagaagina Naamusaafi Ittisa Malaammaltummaa Manneen Murtii Oromiyaa
IV
1. Seensa
Mootummaan Naannoo Oromiyaa sirna dimokiraasii ijaaruuf,bulchiinsa gaarii mirkaneessuufi
misooma dinagdee saffisiisuun jireenya uummataa fooyyessuuf sochii erga eegalee turuun isaa
ni beekama.Kana milkeessuudhaaf hojiiwwan hojjatamaa turaniifii itti fufiinsaan hojjatamuu
malan keessaa tokko malaammaltummaa ittisuudhaan jireenya uummataa fooyyessuudha.
Manneen murtii Oromiyaas qaamolee mootummaa tajaajila haqaa hawaasaaf kennan keessaa
tokko akka ta’an ni beekama.Ergamni isaaniis tajaajila abbaa seerummaa dhaqqabamaa, si’ataa fi
bu’a qabeessa ta’e,seera qofa irratti hundaa’uudhaan, haala loogii fi gartummaan ala ta’een
kennuudha.Tajaajilli abbaa seerummaa manneen murtii keenya hawaasaaf kennan qulqulluu,
si’aawaafi dhaqqabamaa akka ta’uuf hojiiwwan gara garaa hojjatamaa turaniiru.Hojjatamaas jiru.
Hojiin Abbaa Seerummaa hojii bilisummaan hojjatamu yammuu ta’u;bilisummaan kun itti
gaafatamummaadhaan yoo hin hutubamne balaan inni fidu ol’aanaadha.Hojii Itti
gaafatamummaa mirkaneessuu hojjatamuu maluuf baroota darban keessa seeraafi sirna diriirsuu
irraa eegalee qaamolee itti gaafatamummaa mirkaneessan hundeessuun hojiin itti
gaafatamummaa mirkaneessuu hojjatamaa tureera.Keessumaa immoo bara 2001tti Labsiin
Gumii Bulchiinsa Abbootii Seeraa Oromiyaa hundeessuuf bahe lakk.142/2001 erga bahee as
Gareeleen Gumiifi Inispeekshinii hundaa’uudhaan Danbiin Naamusa Abbootii Seeraafi
Muudamtoota Gumii Naannoo Oromiyaa lakk.2/2001fi Danbiin sirna qorannoo hanqina
naamusaa lakk3/2001 bahe booda hojiiwwan itti gaafatamummaa mirkaneessuu hojjatamaa
turaniiru.Yeroo ammaa kana labsiiwwan kunneen haala irra caala bu’a qabeessa itti ta’uu
danda’uun fooyya’uun magalata irratti maxxanfamaa jira.
Labsii Gumii Bulchiinsa Abbootii Seeraa Oromiyaa irra deebi’uun gurmeessuuf bahe lakk.217
irratti gahee hojii fi aangoo Waajjira Naamusaafi Inispeekshiniif kennaman keessaa tokko
hawaasa naamusaawaa horachuuf naamusa hawaasa manneen murtii dagaagsuudha.Akkuma
beekamu kanaan dura Yeroo hanqinni naamusaa muudate qorachuun itti gaafatamummaa
mirkaneessuun alatti naamusa hawaasa manneen murtii gabbisuu irratti hoijiin hojjatame gahaa
miti.Dabalataanis qaawaa seeraa fi hojimaataa cufuudhaan malaammaltummaa ittisuu irratti
hojiin hojjatamaa ture quubsaa waan hin turreef sirna itti gaafatamummaa bu’a qabeessa hin
turre jechuun hin danda’amu. Waan ta’eefis naamusa hawaasa manneen murtii dagaagsuu akka
dandeessisuuf tarsiimoo kana qopheeffachuun hojiitti galuun barbaachisaa waan ta’eef gama
Tarsiimoo Dagaagina Naamusaafi Ittisa Malaammaltummaa Manneen Murtii Oromiyaa
V
birootiin immoo hudhaa sirna haqaa kan ta’e malaammaltummaa hir’isuudhaaf qaawwaa seeraafi
hojimaataa mul’atan duuchuuf karooraan hogganamuun barbaachisaa waan ta’eef tarsiimoon
kun qophaayeera.
1. Ergama
Manneen Murtii Oromiyaa tajaajila abbaa seerummaa dhaqqabamaa, si’ataa fi bu’a qabeessa
ta’e, seera qofa irratti hundaa’uudhaan, haala loogii fi gartummaan ala ta’een kennuuf dirqama ni
qabaatu.Hojii isaaniis bilisummaa guutuu fi itti gaafatamummaa ol’aanaadhaan ni raawwatu.
2. Mul’ata
Mul’anni Manneen Murtii Oromiyaa bara 2012tti Mana Murtii seera hiikuun ol’aantummaa
seeraa mirkaneessuun amantaa uummataa horatee biyya keenya keessatti fakkeenya ta’ee
argamuu
3. Kaayyoo
1) Mirgaa fi walabummaa dhuunfaa fi garee Heera Federaalaa fi kan Mootummaa Naannichaa
keessatti tumaman kabachiisuu;
2) Waldhabdee namoota addaa addaa jidduutti uumamu seera irratti hundaa’uudhaan murtii
haqa qabeessa kennuu;
3) Ol’aantummaa seeraa mirkanneessuudhaan ijarsa sirna dimookiraasiif gumaachuu.
4. Duudhaalee
1. Bilisummaa fi itti gaafatamummaa abbaa seerummaa /judicial independence and
accountability/
2. Beekumsaa fi Gahumsa /knowledge and competence/
3. Miira tajaajiltummaa /sense of stewardship/
4. Iftoomina /transparency/
5. Fayyalummaa /Propriety/
6. Al-loogummaa fi wal-qixxummaa /Impartiality and equality/
7. Tilmaamamummaa /predictability/
8. Ejjennoo Gaarii /integirity/
Tarsiimoo Dagaagina Naamusaafi Ittisa Malaammaltummaa Manneen Murtii Oromiyaa
VI
5. Toora Xiyyeeffannoo Manneen Murtii Oromiyaa
Toorri xiyyeeffannoo Manneen Murtii Oromiyaa qabatanii hojjechuuf deeman akka
waliigalaatti galmoota tarsiimoo qabamee jiru milkeessani dha jechuun ni danda’ama. Kanaafuu
Manneen Murtii Oromiyaa ergamaa fi mul’ata qabatanii jiran galmaan gahuudhaan gahee qaama
seera hiiktuu naannoo keenyaa irraa eegamu milkeessuudhaaf kan qabaman ta’uun isaa ni
beekama.Toorri xiyyeeffannoo kunneen kallattiidhaan ergamaa fi mul’ata qabamee jirutti kan
hidhatanii fi utubaa milkaa’ina ergamaa fi mul’ata Manneen Murtii Oromiyaati.Toorri
xiyyeeffannoo kunneenis;
Lak. Toora Xiyyeeffannoo Maneen murtii Oromiyaa
1 Qulqullina Hojii abbaa seerummaa mirkaneessuu
2 Bilisummaa fi Itti Gaafatamummaa haala wal madaaluun mirkaneessuu
3
Dandeettii raawwachiisummaa Mana Murtii Cimsuufi bulchiinsa keessoo
gaaroomsauu
4 Hojii raawwachiisummaa fi deeggarsa Mana Murtii cimsuu
Tooraalee xiyyeeffannoo kunneen keessaa tokko Bilisummaa fi Itti Gaafatamummaa haala wal
madaaluun mirkaneessuudha.Hojii Bilisummaa fi Itti gaafatamummaa hojjatamu
milkeessuudhaaf gaheen adeemsaalee mana hojii hundaa kan gaafatu ta’uun isaa ni beekama.
Haa ta’uutii garuu abbummaadhaan Waajirri Naamusaaa fi Inispeekshinii naannoo toora
xiyyeeffannoo kana milkeessuu irratti akka hojjatuuf kan caaseffame yammuu ta’u; bu’uuruma
kanaan hojiiwwan kallattii kanaan hojjatamuu malan karoora kana keessatti kan hammataman
ta’u.
5.1. Bilisummaa fi Itti Gaafatamummaa Abbaa Seerummaa Mirkaneessuu
Bilisummaa fi Itti Gaafatamummaan duudhaalee gurguddoo Heera Mootummaa Biyyaa fi
Naannoo keenyaan tumamani dha. Manneen Murtii Naannoo keenyaas kallattiiwwan duudhaalee
gurguddoon kanneen hojii irra jiraniin hojii isaanii gaggeessuun itti quufinsi tajaajilamtootaa
akka dabaluu fi walumaagalatti immoo amantaa uummataa sadarkaa barbaadamuun horachuuf
Tarsiimoo Dagaagina Naamusaafi Ittisa Malaammaltummaa Manneen Murtii Oromiyaa
VII
xiyyeeffannoon hojjatamaa jira.Kanaafis,tajaajila abbaa seerummaa bilisummaa guutuu fi itti
gaafatamummaa ol’aanaa kan qabu kennuuf hojjatamaa jira.
Hawaasa Manneen Murtii iftoominatti amanuu fi hojjatu horachuu, hojimaata iftoomina
mirkaneessan hojii irra oolchuu, dhaddacha ifaatti tajaajiluun haala bu’aa qabeessa ta’een akka
hojii irra oolu hanga barbaadamu ta’uu baatu illee irratti hojjatamaa tureera. Ammas
xiyyeeffannaa argatee kan irratti hojjetamu ta’a.
Kanaafuu, bilisummaa Manneen Murtii fi abbaa seeraa dhuunfaa cimsuuf hojii seeraa fi sirna
rogummaa qabuun hojjechuu, hubannoo cimsuu, walitti dhufeenya seera giddu galeessa godhate
cimsuu fi hawaasa Mana Murtii qajeeltoo bilisummaa abbaa seerummaa gonfatee seeraa fi
seeraan hojjetu horachuuf hojiin hojjatamaa tureera,kanaan boodas bal’inaan kan irraatti
hojjatamu ta’a.
Hawaasa Mana Murtii naamusa badaa, hanqinoota quunnaman balaaleffatuu fi sirreessuuf
kutannoon hojjautu fi quuqama hojii qabaatee fedhii uummataa dursuun miira tajaajiltummaa
gonfatee hojjatu caalmaatti horachaa deemuuf iddoo hanqinni namuusaa mul’atuttis sirreeffamaa
fi tarkaanfiin madaalawaa ta’e akka hojii irra oolu ni hojjatama.
Tarsiimoo Dagaagina Naamusaafi Ittisa Malaammaltummaa Manneen Murtii Oromiyaa
8
Kutaa Tokko
1. Kaayyoo, Barbaachisummaa, Ka’umsaa fi Daangaa Raawwatiinsaa Tarsiimoo
Dagaagina Naamusaafi Ittisa Malammaltummaa
1.1. Kaayyoo
Xiinxala sodaa al naamusummaa fi malaammaltummaa (Ethics and Corruption risk assessment
and analysis) gaggeessuufi sadarkaa sodaan al naamusummaa Manneen Murtii Oromiyaa keessa
jiru adda baafachuudhaan,naamusa ogummaa abbaa seerummaa dagaagsuudhaan, tajaajila
malaammaltummaa fi hojimaata badaa irraa bilisa ta’e akka kennan taasisuu, Aangoo fi
ittigaafatamummaa seeraan Manneen Murtiif kenname hala bu’aa qabessummaa qabuun akka
raawwatan taasisuuf, tarsiimoo sodaa malaammaltummaa fi hojimaata badaa ittisuuf
dandeessisu diriirsuu dha.
1.2. Barbaachisummaa Karoorichaa
Manneen Murtii Oromiyaa keessatti miira abbummaatiin hojii naamusa dagaagsuu fi
malaammaltummaa fi hojiimaata badaa ittisuuf karoora tarsiimaawaan qabamee jiru wajjin hojii
guyyaa guyyaatiin walitti hidhuudhaan karaa qindoomina qabuun sirna ittiin raawwatamu
diriirsuu waan barbaachiseefi dha.
1.4. Ka’umsa Tarsiimichaa
1.4.1.Bulchiinsa Gaarii Mirkaneessuuf Kallattii Mootummaan Qabatee Jiru
Ilaalchii fi gochi kiraa sassaabdummaa Manneen Murtii Oromiyaa keessatti dhiibbaan inni fiduu
danda’u ifa galaadha.Keessattuu haala qabatamaa yeroo ammaa biyyiifi naannoon keenya
keessa jiruun rakkoon bulchiinsa gaarii sadarkaa hammaataa irra gahuu isaa irra haaromsi gadi
fageenyaa gaggeessuun rakkoo gama kanaan jiru hiikuuf kutannoon yeroo itti hojjatamaa
jiruudha.Rakkoo bulchiinsa gaarii keessaa immoo gahee guddaa kan qabu rakkoo
kiraasassaabdummaa ykn malaammaltummaadha.Kana irraa ka’uun rakkoo bulchiinsa gaarii
akka ka’umsa barbaachisummaa karoora tarsimoo kanaatti fudhachuudhaan rakkoon bulchiinsa
gaarii Manneen Murtii Oromiyaa keessatti kutannoofi hirmaannaa ol’aanaadhaan, qindoominaa
fi itti fufiinsaan hojjachuudhaan dhimma hiikkamu qabu ta’ee mul’ata.
Tarsiimoo Dagaagina Naamusaafi Ittisa Malaammaltummaa Manneen Murtii Oromiyaa
9
1.4.2. Sagantaa Fooyya’iinsa Sirna Haqaa
Akka naannoo Oromiyaatti,sagantaan fooyya'iinsa sirna haqaa sochii jijjiiramaaf taasifameen
waggoota kudhan duraa jalqabee hojirra oolaa kan ture,hojimaataalee manneen hojii mootummaa
keessatti tajaajila si’ataa fi bu’a qabeessa akka kennamu dandeessisuu irra darbee hojimaata
iftoominaa fi itti gaafatamummaa qabu diriirsuu keessatti gahee ol aanaa gumaacheera.Sagantaan
fooyya'iinsa sirna haqaa wajjin wal qabatee kan hojii irra oole keessaa chaartariin lammiilee utuu
amantaa guutuun bifa walfakkaatuun Manneen Murtii Oromiyaa keessatti hojirra oolee
hojimaata, iftoominaa fi itti gaafatamummaa qabu diriirsuu keessatti gahee bakka bu’iinsa hin
qabne kan qabu ta’uun beekkamaadha.Hojimaata kana hojiilee naamusa dagaagsuufis ta’ee
malaammaltummaa ittisuuf hojjataman waliin hojiirra oolchudhaan hojii naamusa dagaagsuufi
ittisa malaammaltummaa hojjatamu caalmaatti bu’aa qabeessa taasisuun ni danda’ama.
1.4.3.Kallattii Karoora Guddinaa fi Jijjiiramaa
Karoora Guddiinaa fi jijjiiramaa waggaa shanii xumurame keessatti kallattiileen misoomaa
hedduun kaayamanii hojirra oolaa kan turan yoo ta’u,karoora qabame kana gufuu malee
milkeessuu fi haala mijeessuuf bulchiinsa gaarii mirkaneessuu fi malaammaltummaa fi hojimaata
badaa hundeerraa goksuun utubaalee Karoora Guddinaa keessaa tokko akka ture beekamaadha.
Misoomaa fi guddina biyyattiin itti jirtu itti fufiinsaan mirkaneessuudhaaf rakkoon
kiraasassaabdumma/malaammaltummaa hiikuuf kan hojjatamu ta’uusaa karoora guddinaa fi
jijjiiramaa mootummaan baase keessatti kan hammatame ta’uun ni beekkama.Kanaaf rakkoo
kana ittisuuf sochii taasifamu keessatti,tokkoo tokkoo manneen hojii mootummaa gahee adda
durummaa isaanii kan gaafatu waan ta’eef akka manneen murtii oromiyaattis galma gahiinsa
karoorichaatiif gahee eegamu bahuun barbaachisaa akka ta’e hubatamuu qabaata.
1.4.4.Miidhaa Malaammaltummaan Qaqqabsiisaa Jiru.
Malaammaltummaan namoota aangoo mootummaa irra jiran ykn hojjattoonni mootummaa
aangoo qaban dawoo godhachuudhaan faayidaa ofiif ta’e qaama biraatiif argamsisuuf ykn qaama
biraa irratti miidhaa qaqqabsisuuf gochaalee kan akka aangoo seeraan ala fayyadamu, mattaa’a
fudhachuu, fiira ykn hiriyaa isaanii karaa hin malleen gargaaruufi kkf raawwachuudha jedhame
hiikamu ni danda’a.
Miidhaa malaammaltummaan dhaqqabsiisu daangaa kan hin qabnee fi hangana kan hin
jedhamne dha.Miidhaan inni diinagdee,siyaasaafi hawaasummaa biyyaa fi uummata tokko irratti
Tarsiimoo Dagaagina Naamusaafi Ittisa Malaammaltummaa Manneen Murtii Oromiyaa
10
fidu baay’ee dha.Galii mootumaan argachuu qabu akka hin arganne, invastimentiin biyya alaa fi
keessaa akka hin babal’annee gufuu ta’aa, waldorgommiin gabaa bilisaa akka hinjiraanne
taasisaa, bu’uraaleen misoomaa akka hin babal’annee fi qulqullina hin qabaannee taasisaa,
qoodiinsi qabeenyaa haqa qabeessa ta’e akka hin jiraanne kan godhu dha. Baajannii mootummaa
qixa sirriitiin akka hojii irra hin oollee gufuu ta’udhaan walumaa galatti guddina dinagdee biyyaa
ni quucarsa.
Akksumas sirna haqaa ni miidha.Mirgi dhala namaa fi dimokraasii akka hin kabajamne
taasisudhaan amantaa uummanni mootummaa irraa qabu gaafii keessa ni galcha.Olaantummaa
seeraa dhabamsiisuun nagaafi tasgabbiin akka hin mirkanoofne ni taasisa.
Gama biraatiin tajaajjilli hawaasummaa akka hin babal’annee fi qulqullina hin qabaanne gufuu ni
ta’a, rakkooleen hawaasummaa kanneen akka hiyyummaa, hojii dhabummaa, dhukubaa fi kkf
akka babal’atanii fi cimaan taasisa, hiyyeessaa fi dureessa jidduu garaagarumman jiruu akka
bal’atu taasisudhaan dhiibbaan hawaasummaa irratti fidu ol’aanaa dha.Waan ta’eefis
malaammaltummaa irratti qabsaawuun furmaata filannoo hin qabne ta’a.
1.4.5. Malaammaltummaa Ittisuuf Itti Gaafatamummaa Manneen Murtii Oromiyaa
Itti gaafatamummaan Manneen Murtii Oromiyaa malaammaltummaa ittisuu keessatti qaban
Heera mootummaa Federaalaa fi Naannoo Oromiyaa irraa madda.Bu’uura Heera
Mootummaatiin Manneen Murtii bilisa ta’an kan hundaa’an yammuu ta’u;aangoon abbaa
seerummaas kennameefiira.Bu’uuruma kanaan namoonni yakka malaammaltummaa raawwatan
jedhaman murtii kan argatan Manneen murtiitti dhiyaatanii waan ta’eef Abbootiin Seeraa
seeraa fi ragaa dhiyaate irratti hundaa’uudhaan murtii kennuutu irraa eegama. Abbootiin Seeraa
seeraa biyyattii irratti hundaa’anii murtii kennuudhaaf ofii isaaniitiif naamusa amalli hojichaa
barbaadu gonfatanii argamuutu irra jiraata.Kun Manneen Murtii itti gaafatamummaa dachaa kan
qabaatan ta’u mul’isa.Gama tokkoon keessoo isaaniitti ilaalchas ta’ee gochaa
malaammaltummaa irraa bilisa ta’uu qabaatu. Yakka malaammaltummaa ittisuu keessatti gahee
ol’aanaa taphachuutu irra jiraata.Seeronni kalattii kanaan rogummaa qabanis;
Heera Mootummaa Federaalaa Dimokiraatawaa Ripaabliika Itiyoophiyaa bara 1987 bahe.
Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa kan bara 1994 fooyya’ee bahe kew.61/1/
manneenn murtii Oromiyaa bilisa ta’an hundaa’aniiru
Tarsiimoo Dagaagina Naamusaafi Ittisa Malaammaltummaa Manneen Murtii Oromiyaa
11
Labsii Gurmaa’ina,Aangoo fi Hojii Manneen Murtii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Irra Deebiin Murteessuuf Bahe, Lak. 216/2011
Labsii Gumii Bulchiinsa Abbootii Seeraa Oromiyaa Irra Deebiidhaan Hundeessuuf Bahe
Lak.217/2011
Koodii Naamusa Abbootii Seeraa Manneen Murtii Oromiyaa Dambii lakk.1/2011
Danbii Naamusa Abbootii Seeraa Manneen Murtii Naannoo Oromiyaa lakk.2/2011
Danbii sirna Itti gaafatamummaa manneen murtii Oromiyaa lakk. 3/2011
Kutaa lama
2. Xiinxala Haalawwanii Manneen Murtii Oromiyaa Keessa Jiran
2.1. Cimina,Dadhabina,Haala Mijataa fi Sodaa Irratti Xinxala Gaggeessuu
Kutaa kana keessatti Manneen Murtii Oromiyaa malaammaltummaa fi hojimaata badaa
ittisuudhaan kenniinsa tajaajilaa itti gaafatamummaa fi iftoomina qabu diriirsuu keessatti hojiilee
hojjataman waliin walqabatee ciminaalee,hanqinaalee,carraawwanii fi sodaalee jiran
tarreessudhaan sakatta’uuf kan yaalamu ta’a..
Haalawwan Keessaa
2.1.1. Ciminaalee Jiran
Gumiin bulchiinsa abbootii seeraafi qaamolee gumii hundessuun hanqina naamusaa
raawwatamuuf qaama itti gaafatamummaan mirkaneessu hunda’ee hojii irra jiraachuu
Seeronni itti gaafatamummaa naamusaa mirkaneessuu dandeessisan bahanii jiraachuu
Hojiin itti gaafatamumaa naamusaa mirkaneessuu hojjatamaa kan ture ta’uu,
Sirna to’annoo fi hordoffii diriirsuunii fi gamaggama raawwii hojii yeroo yeroon
gaggeessuun rakkoolee jiran adda baasuun sirreeffama barbaachisu taasisaa deemuun kan
jiru ta’uu
Hoggansi al naamusummaa irratti kutannoon hojjatu jiraachuu
Hojii dagaagina naamusaa karaa bu’a qabeessa ta’een hojjachuuf haala dandeessisuun
Waajirri Dagaagina Naamusaafi Inispeekshinii haala haaraan gurmaa’uu
Tarsiimoo Dagaagina Naamusaafi Ittisa Malaammaltummaa Manneen Murtii Oromiyaa
12
2.1.2. Hanqinaalee Mul’atan
Hawaasa Manneen Murtii tokko tokko biratti miirri tajaajiltummaa uummataa ammas
hanqina kan qabu ta’uu.
Malaammaltummaan sadarkaa barbaadamuun kan gad hin hir’anne ta’uu
Naamusa hawaasa maneen murtii dagagsuuf hojiin hojjatame gad aanaa ta’uu.
Hoggansa tarsiimawaa kennuu irratti hanqinni jiraachuu
Hoggantoota tokko tokko bira rakkoo naamusaa kan ture ta’uu fi kutannoodhaan
malaammaltummaa ittisuu irratti sochiin taasifamaa jiru wal fakkaataa ta’uu dhabuu
Sirni madaallii raawwii hojii dhibuu, raawwiin hojii madaalaamee bulchiinsii fi
hooggansi humna namaa raawwii hojii fi naamusa abbaa seerummaa bu’uureffate
kennamuu dhabuu,
Hojiin sirna diriirsuu, dambiiwwanii fi qajeelfamoota baasuu ykn fooyyessuu yeroo
yeroon hojjetamuu dhabuu, isa jiruunis hordofanii hojii irra oolchuu dhabuu fi moggaatti
dhiisanii haala biraan hojjechuu,
Wal irratti qabsaa’uun dhabamuu fi maal na dhibdeen al naamusummaa bira darbuun
jiraachuu.
Xiinxala Haalawwanii
2.1.3. Carraawwan jiran
Mootummaan hojii malammaltummaa ittisuu hojjachuuf kutannoo kan qabu ta’uu
Akka biyyaattis ta’e akka naannootti xiyyeeffannoon Mootummaan jijjiiramaa seektara
haqaaf kennaa jiru manneen murtii dabalatee ol’aanaa ta’uu isaa fi milkaa’ina tarsiimoo
isaaniifis deggersi jiru gaarii ta’uu
Hawaasni malaammaltummaa saaxiluuf kaka’umsi inni qabu yeroodha gara yerootti
fooyya’aa jiraachu
2.1.4. Sodaawwan Hawaasa keessa ammas rakkoon ilaalchaa jiraachuu.(gara manneen murtii yammuu deeman
dhugaa qabatanii deemuu irra qaxxaamuraan injifachuuf yaadanii manaa bayuun kan jiru ta’uu)
Kutannoon hawaasni malaammaltummaa saaxiluuf qabu walfakkaataa ta’uu dhabuu,
Seektaroota mootummaa kunneen biroo waliin sadarkaa barbaadamuun qindoominaan
hojjachuun dhabamuu
Kutaa Sadii
Tarsiimoo Dagaagina Naamusaafi Ittisa Malaammaltummaa Manneen Murtii Oromiyaa
13
3. Dagaagina Naamusaa
Barbaachisummaa Naamusa Hojii Abbaa Seerummaa Abbootiin Seeraa hojii abbaa seerummaa yammuu gaggeessanitti naamusa ol’aanaa ogummichi
barbaadu gonfatanii argamuun maaliif barbaachise?naamusa abbootii seeraa dagaagsuu irratti
hojjachuunoo?darbees yakka malaammaltummaa jira jechuun hawaasni gamaa gamanaa kaasu
ittisuun maaliif barbaachise kan jedhuuf abbaa seerummaan seeraafi seeraa qofa irratti
hundaa’uun kan hin hojjatamne yoo ta’e balaa inni fiduu danda’u hammaataa waan ta’eefi.Hojii
abbaa seerummaa naamusa ol’aanaa gonfatanii hojjachuun maaliif barbaachisa kan jedhuuf
bal’inaan akkaaataa itti aanuun kan xiinxallu ta’a.
3.1.1. Mirga lammiilee kabachiisuu
Lammiileen jireenya isaanii guyyaa guyyaa yammuu gaggeessan rakkoon garagaraa isaan
muudachuu danda’a. Rakkoowwan kunis kabaja isaanii, qaama isaanii, qabeenya isaanii, maatii
isaanii darbees lubbuu isaaniitti kan dhufu ta’uu danda’a. Yammuu kun isaan irra gahu
dhaabbanni mootummaa mirga isaanii kallattii garagaraatiin sarbamuu danda’u irraa ittisu ykn
sarbamee yammuu argamu tarkaanfii fudhatu cimaan jiraachuu qaba.Dhaabbilee kana
raawwachuu danda’an keessaa inni angafni immoo manneen murtiiti. Abbootiin seeraa naamusa
qaban; lammiileen ykn falmitoonni fuuldura isaaniitti dhihaatan loogii malee seera biyyatti jiru
qofaa fi ragaa jiru qofa irratti hundaa’anii furmaata kennuu danda’an jiraannaan lammiileen
wabii argatu jechuudha. Yoo boru rakkoon ana irra, maatii koo irra, qabeenya koo irra gahe
abbaan seeraa loogii malee, walqixxummaadhaan dhimma koo naaf ilaalu jira jedhanii abdii
horatu jechuudha. Kana irraa kaanee yammuu ilaallu abbootiin seeraa naamusaawaa ta’uun kan
fayyadu lammiileedha jechuudha.
3.1.2. Amantaa Uummataa Horachuu
Bu’aa qabeessummaa fi itti fufiinsa sirna abbaa seerummaa bu’uuraan kan dhugoomsuun
danda’amu immoo amantaa uummataa horachuudhaani. Sirni abbaa seerummaa sirna dantaalee
uummataa irratti kallattii adda addaatiin murteessuudha. Bakka amantaa uummataa horachuu hin
dandeenyetti hanga fe’e hundee seeraa yoo qabaates bu’aa qabeessa ta’uu haa hafuu itti fufiinsi
isaatuu gaaffii keessa kan gale ta’a.
Amantaa uummataa horatanii bu’aa qabeessummaan itti fufuun kan danda’amu immoo
amanamaa ta’anii argamuudhaani.Akkaataa hojichi barbaaduun haqummaan, fayyaalummaan,
Tarsiimoo Dagaagina Naamusaafi Ittisa Malaammaltummaa Manneen Murtii Oromiyaa
14
dandeettii gahaanii fi naamusa gaarii daraan ol’aanaa ta’een hojicha gaggeessuudhaani.
Hawaasni itti gaafatamummaa hangana gahu kana nama amanamummaadhaan, dandeettiinii fi
amalli dhuunfaa isaa gaaffii jalatti kufeef kennuu hin barbaadu.
Akka walii galaatti abbootiin seeraa naamusa amalli ogummicha abarbaadu gonfatanii yoo hin
argamne amantaa hawaasaa dhabu. Kun immoo yeroon booda sirna haqaa irratti kufaatii waan
fiduuf of eeggannoo cimaa kan barbaaduufii duudhaalee kana gonfatanii argamuun furmaata
filannoo hin qabnedha.
3.1.3. Guddina Dinagdee Saffisiisuu
Kabajamuun naamusa abbaa seerummaa seerri biyyattii qixa barbaadamuun hojii irra akka oolu
taasisa. Kun immoo abbootiin qabeenyaa fi Investaroonni, manneen murtii irratti amantaa
horachuudhaan guddina dinagdee keessatti shoora mataa isaanii akka bahaniif
gargaara.Inveestaroonni biyya tokko irraa gara biyya biroo deemuudhaan mallaqa isaanii
dhangalaasuu yammuu yaadan haala biyya sanaa qoratan keessaa tokko naamusa Abbootii
Seeraa Manneen Murtii biyya sanaati.Seerri biyyattii maal jedha kan jedhuun cinatti namni
seericha hiiku nama akkamiiti kan jedhu qoratu.Waan ta’eefis misooma ariifachiisuu keessatti
gahee guddaa kan qabu ta’uu isaati.
3.1.4. Nageenya Mirkaneessuu
Bakka hawaasni manneen murtii naamusaawaa ta’an jiranitti seera qaama seera baasuun tumame
qixa barbaachisuun hojii irra oolchuun waan danda’amuuf seerri akkaataa barbaadamuun hojiirra
yoo oole immoo hawaasni olaantummaa seeraatti ni amana,bahee galuu irratti akkasumas
qabeenya isaaf wabii argata,nageenyi ni mirkanaa’a jechuudha.Kana fiduufis kabajamuun
naamusa abbaa seerummaa murteessaadha.
3.1.5. Sirna Dimookiraasii Dagaagsuu
Mana murtiitti dhiyaatanii walqixxummaan loogii malee keessummeeffamuun,abbaa mirgaa
mirga gonfachiisuun,lammiileen,qaamoleen dhuunfaa fi mootummaa gara mana murtii dhufan
seeraa fi seera qofaan keessummaa’uu danda’uun karaa sirni dimokiraasii dagaagaa deemuun
ittiin calaqqisu keessaa tokko yammuu ta’u; kun immoo hawaasni mana murtii naamusa amalli
ogumichaa barbaadu gonfatanii yoo argaman kan galma gahuudha.
Tarsiimoo Dagaagina Naamusaafi Ittisa Malaammaltummaa Manneen Murtii Oromiyaa
15
3.1.6. Olaantummaa Seeraa Mirkaneessuu
Kallattii olaantummaan seeraa itti mirkanaa’uu keessaa tokko abbootiin seeraa seeraa fi sirna
diriireen hojjachuu yoo danda’anidha.Kun immoo dhimmoonni hunduu seera biyyaattiin
baafatteen kan raawwatamu ta’uun yammuu mirkanaa’u ol’aantummaan seeraa ni mirkanaa’a
jechuudha.Seeraa jiruun qajeelfamuun immoo kallattii naamusni abbaa seerummaa ittiin ibsamu
keessaa tokkodha.
Hojiin Abbaa Seerummaa dhimmoota armaan olii kanaaf barbaachisaa erga ta’ee namoonni
ogummaa kana keessa jiran namootadha.Ilmi namaa immoo ilaalcha dhuunfaa gara garaa waan
qabuuf ilaalcha dhuunfaa isaanii hojii kana yammuu gaggeessan dhiibbaa akka irratti hin
uumneef naamusa abbootii seeraa dagaagsuun barbaachisaa ta’a.
Kan Abbootii seeraa qofa otoo hin taane naamusa muudamtoota gumiifi hojjattoota deeggarsaa
kallattiinis ta’ee al kallattiin kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa keessatti hirmaannaa qaban
dagaagsuun barbaachisaadha.
Naamusa Abbaa Seerummaa dagaagsuuf hojiiwwan gara garaa itti fufiinsaan hojjatamuuti irra
jiraata.Hojiiwwan hojjatamuu malanis kallattiiwwan armaan gadiitiin ta’uu qaba.
Kutaa Afur
4. Madda ykn ka’umsa Badii Naamusaa
Rakkoowwan hanqina naamusaa mul’atan furuuf madda ykn ka’umsa badiiwwan kunneen adda
baafachuun barbaachisaa waan ta’uuf maddawwan ykn ka’umsa badiiwwan naamusaa kenniinsa
tajaajilaa keessatti mul’atan muraasa kan qorannoon adda bahan akka itti aanutti dhiyaataniiru.
4.1. Hanqina Fo’annoo fi Filannoo. Akkuma beekamu ogummaan abbaa seerummaa ogummaa guddaa mirga dhuunfaa lammiilee
irratti murtiin ittiin kennamu ogummaa olaantummaan seeraa ittiin mirkanaa’uudha.Waan
ta’eefis ogeessonni hojii abbaa seerummaa irratti ramadamanii hojjatan n3.aamusa olaanaa kan
gonfatan yoo hin ta’iin badiiwwan gara garaaf saaxilamaa waan ta’eef mirgi lammiilee ni
sarbama, olaantummaan seeraas gaafii keessa gala. Qabatama Manneen Murtii Oromiyaa yoo
ilaalle sirni fo’annooo fi filannoo jiru sadarkaa barbaadamuun ogeessota naamusa olaanaa
calaluu kan dandeessisu hin turre.Fo’annoo fi filannoon gaggeeffamaa kan ture sadarkaa
Tarsiimoo Dagaagina Naamusaafi Ittisa Malaammaltummaa Manneen Murtii Oromiyaa
16
godinaaleetti yoo ta’u waraqaa qulqullinaa ganda irraa dhiyaatu tokko irratti hundaa’uudhaan
calalliin gaggeeffamaa tureera. Gumiin Naannoos kanuma fudhachuudhaan mirkaneesuun
caffeedhaan akka muudamni kennamu ta’aa tureera.Adeemsi kun calqabuma ogeessonni gara
manneen murtii dhufanii hojii abbaa seerummaa hojjatan dugda duubni iaanii otoo hin
xiinxalamiin kan dhufan ta’uun rakkoo guddaa uumaa kan ture ta’eera.
4.2. Rakkoo Ilaalchaa Madda badii naamusaa hojii abbaa seerummaa keessatti mul’ataniif sababni biroo rakkoo
ilaalchaati.Rakkoowwan ilaalchaa kunis ogeessota kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa keessatti
hirmaannaa qabanii fi hawaasa bal’aa biratti kan mul’atu yoo ta’u rakkoowwan ilaalchaa kanas
akka armaan gadiitti bakka lamatti qooduun ilaaluu dandeenya.
4.2.1. Rakkoo Ilaalcha keessoo
Ilaalchi namni tokko qabu gocha inni raawwatu murteessuu keesatti shoora olaanaa qaba.
Abbootiin seeraa ilaalcha badaa qabatanii gara mana murtiitti dhufan kan mul’atan yoo ta’u badii
naamusaatiif sababoota madda ta’an keessa tokko ilaalchi qaxxaamuraan duroomuu ol ka’ee
kan mul’atu ta’uu isaati. Ilaalcha kanarraa ka’uun gochaanis raawwachuuf sochiin godhamuu
heddu ol ka’ee mul’ata. Namoonni ilaalcha kana qabatanii jiran ilaalcha kan ofii isaanii qofa
qabachuu utuu hin taane namoota ilaalcha kana hin qabneettis ilaalcha isaanii dabarfachuuf,
namoota karaa sirriitiin hojii abbaa seerummaa hojjatan karaa irraa jallisanii karaa jallataa isaanii
keessa galfachuudhaaf ololli ta’ee jedhanii gaggeessaan baay’ee hamaadha.
Fedhiin qaxxaamuraan duroomuu namoota faayidaan hojjatanii kan daangaa qabuu miti.Jalqaba
mana gaarii keessa jiraachuu herreguun waan mana ittiin ijaaratan funaanuu eegalu. Mana erga
ijaaratan booda konkolataa qabaachuu qabna jedhanii faayidaan hojjachuu hojii idilee godhatanii
yoo soch’aan mul’atu.
Abbootiin seeraa tokko tokko maallaqa abbaa dhimmaa irraa funaanu hojii idilee godhatanii
socho’u ; fakkeenyaaf bakka mana murtii hojjatanitti barreessa ummataa kan mataa isaanii qabu.
Karaa barreesaa ummataa kanaan abbaa dhimmaatiin walqunnamu. Bakka mana murtii turan
sanaa yoo jijjiiraman barreessaa ummataa dura qopheeffatan kanas fudhatanii yoo jijjiiraman
mul’atu.
Tarsiimoo Dagaagina Naamusaafi Ittisa Malaammaltummaa Manneen Murtii Oromiyaa
17
Gama biraatiin qaxxaamuraan duroomuuf namoonni manneen murtii madda galii godhatan
qabsoo farra kiraa sassaabdummaa manneen murtii keessatti taasifamu maseensuuf tooftaa
baafatanii yoo socho’an mul’atu..Tooftaa kanneen keessaa tokko namoota hammeenya kiraa
sassaabdummaa waltajitti bahanii dubbatan irratti soba qindeessuun fudhatamummaan namoonni
kun hawaasa manneen murtii biratti qaban akka gad bu’uu ta’e jedhanii olola deemsisu.Fkn,
abbootii seeraa ejjannoo cimaa qabatani waltajitti bahanii dogoggoroota galmeelee keessa jiran
kiraa sassaabdummaa wajjiin walqabsiisanii dubbatan irratti warrootiin gocha kiraa
sassaabdummaa keessa jiran haala qinda’een ‘ebalu’kiraa sassaabdummaa keessa galeera
jedhanii odeessani odeesisuun jira.
Qaxxamuraan duroomuu kaayyoo godhatanii namoonni socho’an ilaalchii tarkaanfachiisan kan
biroo badii qaamolee mootummaa kan biroo biratti mul’atu ol kaasanii dhiyeessuun kan isaan
raawwatan ammoo kan madaalli hin kaafne godhanii xiqqeessun,qaamni kuun miliyoonaan
saamaa erga jiraatee nutis gahee keenya yoo arganne rakkoo maal qaba? jedhanii sababa badii
naamusaa raawwataniif dhiyeeffachuu yoo yaalan mul’atu ykn dhagahamu.
Abbootii seeraa keessaa nammoonni qaxxaamuraan duroomuu barbaadan ilaalcha akkamiin
hannarratti akka bobba’an fakkeenyoota muraasa olitti kaafnee ilaalleerra.Namni hatuu seera
waaqaa birattis ta’ee seera lafaa biratti akkasumas safuu hawaasa keenyaatiin abaramaadha,
jibbamaadhas. Egaa namni gocha abaaramaafi jibbamaa ta’e kana raawwatu, ebalu waan hateef
anis hanna irratti babba’e jedhee qaanii tokko malee yoo dubbatu jalqabumaa gara mana murtii
kan dhufee hannaaf karoora baafateeti malee hojii abbaa seerummaatiin ummataaf haqa kennuuf
akka hin taane sirritti hubatamuu qaba.
4.2.2. Rakkoo Ilaalchaa Ala Jiru
Achii as dhufaatii seenaa sirna haqaa akka biyya keenyaatti jiruun wal qabatee abbootiin seeraa
dhimma isaaniif dhihaate tokko simatanii murtii kan itti kennan seeraa fi ragaa dhihaate ilaaluun
otoo hin taane faayidaa gara garaa argatanii akka ta’e hubatamaa kan dhufedha. Inni kun eessaa
ka’eetu haala kanaan hubatamuu jalqabe kan jedhu qorannoo mataa isaa danda’e kan barbaadu
ta’ullee ilaalcha hawaasa kessa jiru yammuu xiinxallu rakkoon bal’aan kallattii kanaan kan ture
ta’uun ni mul’ata.
Tarsiimoo Dagaagina Naamusaafi Ittisa Malaammaltummaa Manneen Murtii Oromiyaa
18
Hawaasa keessatti ogummaa abbaa seerummaa matta’aadhaa fi ammaalaajiidhaan walitti
hidhanii ilaaluutu jira. Matta’aa fudhachuun maqaan ittiin ibsamullee “Ijji Manshaa“
jechuudhaan kaffaltii tajaajilaaf kennamu fakkeessuudhaan moggaafameera. Hawaasnis
hojimaata sirnoota fiwudaalaa irraa as darbe kana waan ofitti fudhatee qaamaan godhates
(mentally corrupted) fakkaata. Sirna fiwudaalotaa keessa abbootiin aangoo gosa ‘filatamoo’
mirga addaa qaban fi rabbi irraa muudaman gochuun waan of lakkaa’aniif waan barbaadan yoo
godhan namni isaan gaafatu waan hin jirreef waanti isaan godhan hunduu isaaniif sirrii ture.
Jechamni afaan Amaaraatiin samiin hin qotamu abbaan seeraa hin himatamu jedhus kanuma
cimsa. Abbaan seeraa yoo matta’aa fudhatee hojjate otoo hin taane yoo hin fudhatiin hafe kan
waan addaa hojjate godhanii fudhachuutu jira. Abbaan seeraa cooma nyaatee, daadhii dhugee
baha; kan kaffalu abbaa dhimmaati. Matta’aa fudhatanii hojjachuun beekamummaa argatee kan
ture ta’uu waantonni namatti mul’isan jiru. Uummanni matta’aa isaanii kennuu akka qabu isaanis
matta’aa fudhachuu akka qaban seera hin barreeffamneen waan tumames fakkaata ture.
Mammaaksi afaan amaaraatiin “sishoom yaalballaa sishaar yiqocawaal”jedhamee beekamuu fi afaan
Oromootti yammuu hiikamu “kan gaafa muudame hin nyaanne gaafa aangoo irraa ka’e isa
gaabbisiisa “jedhu kun bal’inaan hawaasa keessatti kan dubbatamuu fi kan beekkamudha. Ergaan
inni ifatti kaa’us namni aangoo qabu tokko aangoo isaatti fayyadamee akka qaxxaamuraan
duroomu kan jajjabeessudha.
Rakkoo naamusaa Hawaasa Manneen Murtii Oromiyaa tokko tokko biratti calaqisuuf waantonni
madda ta’an heddu ta’anillee rakkoon ilaalchaa hawaasa keessa jiru kun waan salphaa miti.
Ilaalchi sun waan hin cabneef namni baay’een halaala taa’ee waanti dhuunfaatti isa irra gahee fi
dhiheenyatti nama beeku tokko irra gahe otoo hin jiraatiin illee taanaan manneen murtii kiraa
sassaabdummaa keessatti akka laaqaman yaada. Kana qofaa irratti otoo hin dhaabbanne yoo
dhimmi mana murtii isa geessu isa muudate otoo himata ykn deebii isaa qabatee gara manneen
murtii hin deemne nama dallaalummaadhaan abbootii seeraatti isa dhiheessu iyyaafata. Maallaqa
qopheeffatee manaa baha. Yoo akka tasaa itti murtaa’e kallattumaan Matta’aa fudhateetu natti
murteesse jedhee amana,haasa’a.
Gochaan badaan darbee darbee manneen murtii keenya keessatti mul’atu hawaasni akka
waliigalaatti hawaasa manneen murtii irraa amantaa akka hin horanne taasisuu danda’a. Haa
ta’uutii garuu kan tokko hojjate warreen hafan hundaa ibsuu hin danda’u.
Tarsiimoo Dagaagina Naamusaafi Ittisa Malaammaltummaa Manneen Murtii Oromiyaa
19
Ilaalchi hawaasni manneen murtii fayidaan ala hin hojjatan jedhu hawaasni manneen murtii
tokko tokko faayidaan waan hojjataaniif qofa otoo hin taane ilaalchumti hawaasaas kallattii
armaan olitti caqasameen matuma isaatiin rakkoo mataa isaa waan qabuufi.
4.3. Hanqina Mindaa fi Fayidaa
Hojii namni tokko hojjatuuf mindaa fi faayidaan hojii sana waliin wal gitu kaffalamuu akka qabu
qajeeltuu sadarkaa addunyaatti jiruudha. Abbaan seeraa hojii ulfaataa fi kabajamaa kana yeroo
hojjatu hojii sana waliin kan wal madaalu argachuu waan qabuuf mindaan abbootii seeraa
kallattii bilisummaa isaanii daran cimsuu danda’uun tilmaamamuufii qaba.
Faayidaa fi mindaan Abbootii Seeraaf kaffalamu xiqqaachuun isaa madda badii naamusaa ta’uu
haalli itti ta’us jira. Fayidaa fi mindaan xiqqaachuun badii naamusaaf sababa ni ta’a moo hin
ta’uu isa jedhu ilaalchisee yaadota gurguddoon sadii ni ka’u. Yaadni inni jalqabaa mindaa fi
fayidaan xiqqaachuun madda badii naamusaa ta’uu hin danda’u kan jedhu yoo ta’u inni
lammataa immoo hanqinni mindaa fi faayidaa badii naamusaatiis sababa ta’uu danda’a
jedhuudha. Yaadni sadaffaan immoo faayidaan hir’achuun kallattiin madda badii naamusaa ta’uu
baatus badii naamusaatiif gumaacha mataa isaa qaba kan jedhuudha. Madda badii naamusaa hin
ta’u warreen jedhan sababa isaanii yeroo ibsan “hanqina mindaa faana badiin naamusaa ka’uu
danda’u matta’aa fudhachuudha. Matta’aa fudhachuun immoo hanna. Hanni immoo amala malee
dhabiinsa irraa kan maddu miti, namni mana murtii keessatti mindaa fi faayidaan itti xiqqaate
filannoo biroo ykn hojii biroo barbaaddata malee hannatti hin deemu”,osoo matta’aa fudhachuun
sababa hir’ina mindaatiif ta’ee namni hundumtuu ni hata gara jedhutti nama geessa, namni
hundii immoo badii kana waan hin calaqqisiifneef xiqqeenyi mindaa badii naamusaaf sababa hin
ta’u” jedhu.Ijjannoo isaanii cimsuuf sababni namootni kun kaasanis dhama qabeessa
dha.Warreen kaan immoo hanqinni mindaa fedhii jireenyaa guutuu yoo dadhabe gara hannaatti
nama geessuu waan danda’uuf hanqinni mindaa madda badii naamusaa ni ta’a jedhu.Yaada isa
sadaffaa kan kaasan immoo mindaan xiqqaachuun namoota naamusa ol’aanaa qabaachuun mana
murtii keessatti fakkeenya ta’uu danda’an ofitti hin harkisu.Isaan hanqina mindaa baqachuuf
jecha gara filannoo birootti yoo deeman immoo tarii namni naamusaawaa hin taane karaan inni
mana murtii keessatti ittiin baay’atu jiraachuu danda’a jechuun ijjannoo isaanii cimsuuf sababa
kana kaa’u.Namni naamusa gaarii qabu mana murtii gadlakkisee waan deemuuf namni hafu
martuu naamusa nama hin qabne ta’a jedhanii tilmaamuun kan hin danda’amne ta’u illee akkuma
Tarsiimoo Dagaagina Naamusaafi Ittisa Malaammaltummaa Manneen Murtii Oromiyaa
20
jedhame badii naamusaa irratti dhiibbaa mataa isaa ni qabaata.Ijjannoowwan armaan olitti
kennaman giddu galeessa godhachuun yeroo ilaallu hanqinni mindaa badii naamusaatiif sababa
ta’uu hin danda’u kan jedhu hin qabnu.Dhibbeentaan isaa haa xiqqatu malee hanqinni mindaa
badii naamusaatiif sababa ta’uu ni danda’a. Akkuma beekamu ejjannoon nama hundumaa wal
qixa miti. Jireenya guyyaa guyyaa keessatti immoo namni jiruu isaa mo’achuuf carraaqqii adda
addaa taasisa. Ergan hojjadhee haala dadhabbii kootiin naaf hin kaffalamnee maafan mana murtii
gallakkisee hojii biroo hin barbaadu namni jedhu akka jiru maafan akkuma nama biroo ta’ee
matta’aa hin fudhadhu jedhee adeemsa keessa filannoo kana kan filatus ni dhabama jedhanii
tilmaamuun rakkisaadha waan ta’eef akka madda tokkootti yoo fudhatame gaarii ta’a.
4.4. Dhiibbaa Kallattii Gara Garaa Irraa Dhufu
Abbootiin seeraa dhiibbaa kallattii garaa garaan isaan irra gahu irraa kan ka’e akkaataa seerri
jedhu irraa maquun darbee darbee rakkoo naamusaa keessatti yeroo kufan ni mul’atu.
Dhiibbaawwan badiiwwan naamusaatti nama geessuu danda’anis akka itti aanutti dhiyaataniiru.
4.4.1. Dhiibbaa Xiinsammuu Qaamolee Alaa Gara Garaa Irraa Dhufu
Dhiibbaan xiinsammuu qaamolee garagaraa irraa dhufu rakkoowwam naamusaa hojii abbaa
seerummaa keessatti mul’ataniif sababa isa tokko ta’uun isaa qorannoo yeroo gara garaatti
taasifameen adda bayeera.Yeroo tokko tokko dhimmoonni akka biyyaatti olka’anii
xiyyeeffannoon addaa itti kennamee dhihaatanii fi fayidaa uummataa fi mootummaa (Public
interest) of keessaa qaban tokko tokko yammuu dhihaatan abbootiin seeraa dhiibbaa karaa
miidiyaa fi qaamolee biroo jalatti yammuu kufan mul’atu.Dhimmoonni kunneen manneen
murtiitti dhiyaatanii otoo beellama irra jiranii ragaan mana murtiitti dhihaatee xiinxalamaa jiru
miidiyaattis dhiyaatee uummataaf yammuu tamsa’u mul’ata. Ragaan uummanni miidiyaa irraa
ilaalee yakki raawwatamuu amane kun ija seeraatiin yammuu ilaallamu mana murtii
amansiisuudhiisuu danda’a.Yammuu kana namni himatame tokko bilisa yoo bahe amantaan
hawaasni manneen murtii irraa qabu rakkoo keessa gala jechuudha. Abbootiin seeraa dhimmicha
harkaa qabanis waantota dhagahaniif argan irraa kan ka’e qajeeltoo seeraa irraa goranii ragaa
galmee keessa jiru ilaaluu dhiisanii waa’ee dhimma kanaa hawaasni maal jedhaa ykn eegaa jiraa,
mootummaanis maal jedhaa ykn na irraa eegaa jira kan jedhu herreeguu jalqaba jechuudha.
Herreeguus bira darbee seeraa fi ragaa dhiisee haala qilleensa ilaalee murteessa. Seeraan ala
murteessuun immoo badii naamusaati.
Tarsiimoo Dagaagina Naamusaafi Ittisa Malaammaltummaa Manneen Murtii Oromiyaa
21
4.4.2. Dhiibbaa Namoota (qaamota) Himataman Irraa Dhufu
Badii naamusaatiif sababa kan ta’u inni biroon immoo sodaadha.Abbootiin seeraa tokko tokko
dhimmoota ciccimoo amala isaaniitiin namoota maallaqaan humna qaban heddu of duubaa qaban
kan akka malaammaltummaa irratti murtii laachuuf ni sodaatu.Dhimma kana irratti murtii yoon
kenne miidhaan anaaf maatii koo irra gahuu danda’aa jechuudhaan tilmaamu. Abbootiin seeraa
dhimmoota malaammaltummaa ilaalan tokko tokko namoonni hin beekamne bilbiluudhaan
matta’aa akka fudhatanii bilisa baasan gaafatanii booda yammuu isaan didan akkas taanaan itti
murteessiteetu biyya kana keessa jiraatta jechuudhaan akka sodaachisan ni dubbatama.
Abbootiin seeraa sodaa malee dhiibbaa kallattii gara garaatiin itti dhufu dura dhaabbatanii murtii
kennan akkuma jiran amala uumamaa ta’ee maaltu na irra gaha laata jedhanii yaadda’uudhaan
kan ifatti ragaan mirkaneessee jiru bilisa akka baasanii fi kan ragaan hin mirkaneessine irratti
murtii balleessummaa kennanis hin dhabaman.
Kallattii abbootii seeraatiinis sodaan gama kanaan jiru darbee darbee haqa jallisiisuudhaan gahee
mataa isaa akka taphatu ni amanama.
4.4.3. Dhiibbaa Abukaatota Dhuunfaa Irraa Dhufu
Abbootiin seeraa tokko tokko yammuu dhimma qabatan ilaalanitti abukaatonni dhuunfaa
dhimmicha qabatan (keessattuu abukaatota duraan abbootii seeraa turan) kan duraan dandeettii
qabaachuudhaan beekkaman, muuxannoo hojiitiin isaan hangafan kana irraa ka’uudhaan ulfina
addaa kennaniif yammuu falmiif isaan dura dhaabbatan looguufiitu mul’ata. Looguufiin kun
immoo abukaatoo kanaan waliigalanii faayidaa addaa argachuuf otoo hin taane beekumsa
ol’aanaa qaba jedhanii yaaduudhaan, ofitti amanamummaa dhabanii falmii inni kaasu akka waan
samii irraa gadi bu’eetti fudhachuufiitu mul’ata.Kan dagatamuu hin qabne garuu dandeettii fi
naamusa qabaniin keessoo keenyatti bakki namaaf kenninu akkuma jirutti ta’ee namoonni kun
garuu abukaatoo dhuunfaa ta’anii hanga dhaabbatanitti kaffalameefii kan dhaabbataniifi maqaa
gaarii eeggachuudhaaf mo’achuudhaaf kan falman ta’uun qabxii ijoo dagatamuu hin qabnedha.
4.4.4. Dhiibbaa Hiriyaa Al-Naamusaawaa Irraa Dhufu
Abbootiin seeraa tokko tokko hiriyoota isaanii kallattii hin taane qabatanii deemaniin
harkifamanii yammuu rakkoo keessa galan ni mul’ata. Kan duraan fayidaan hojjachuuf yaada hin
qabne kallatti gara garaatiin fayidaa hojjachuun homaa akka hin taane amansiisuuf yaaluudhaan
Tarsiimoo Dagaagina Naamusaafi Ittisa Malaammaltummaa Manneen Murtii Oromiyaa
22
nama dura faayidaan hojjechuu akka qoraattiitti irraa goru waluma jalaan dhaqnaana akka
godhatu yammuu taasisan ni mul’ata.
Inni kan biraan yammuu hiriyaan isaa hojii hannaa irratti bobba’ee kallattii gara garaatiin
jireenya fooyyee jiraachuu jalqabu hiriyaan koo mana ijaarratee waan isaaf barbaachisu guuttatee
ani maali jedhee gara yaaduutti jalqaba. Yaadni immoo naanna’ee naanna’ee yoo bilchaate gara
gochaatti ce’ee rakkoo keessa nama galcha. Haala kanaan kan itti seenanis akka jiran ni mul’ata.
4.4.5. Dhiibbaa Maatii fi Firoota Irraa Dhufu
Sababni biroon badii naamusaatiif madda ta’u danda’an abbootiin seeraa bakka tokko hojiidhaan
turuudha. Bakka tokko yammuu turan abbootiin seeraa tokko tokko hawaasa naannootiin wal
baruudhaan, kallattii gara garaatiin jireenya hawaasummaa keessatti makamanii yammuu jiraatan
dhimmoota dhihaataniif seeraa fi ragaadhaan qofa ilaaluu irratti yammuu rakkatan mul’ata.
Sababni isaas maal naan jedhuun waan qabamaniif akkasumas jireenya hawaasummaa keessatti
namoota oolmaa gara garaa oolaniifiin ammaalajummaa waan itti erganiif jala dhaabachuu yeroo
itti dadhabantu mul’ata.
Akkasumas abbootiin seeraa naannawa firoonni isaanii jiran hojjatan tokko tokko namoonni
dhimma qaban firoota isaanii ammaalaajii itti erguudhaan isaanis fira ofii gammachiisuudhaaf,
kan firri jedhe jala darbuu sodaachuudhaan, yoon dide fira kiyyan dhaba jedhanii yaaduudhaan
ammaalaajiidhaan yammuu hojjatan mul’ata. Kanaanis fira garaa gahuuf jedhanii dhugaa
yammuu jallisan ofiifis rakkoo keessa yammuu galan mul’ata.
Kutaa Shan
5. Ittisa Malaammaltummaa
5.1. Sakatta’iinsa Saaxilamummaa
Aangoo,Gahee,Saaxilamummaa Fi Sadarkaa Saaxilamummaa Malaammaltummaafi Hojimaata
Badaaf kutaalee Manneen Murtii oromiyaa
Waa’ee saaxilamummaa tajaajiila manneen murtii keenya kennan fi hojiilee hojjataman
malaammaltumaafi hojimaata badaaf qaban adda baasuu keenyaan dura saaxilamummaa fi
malaammaltummaaf saaxilamu maal akka ta’e ibsuun barbaachisaa dha.Jechi saaxilama jedhu
hiikkaa kitaabolee gara garaa irratti kennameefinny yoo hubannu saaxilamummaa jechuun wanti
Tarsiimoo Dagaagina Naamusaafi Ittisa Malaammaltummaa Manneen Murtii Oromiyaa
23
tokko carraa wanta badaa ta’e tokkorraa hubamuuf ykn miidhamuuf qabu ykn wanti badaa ta’e
tokko uumamuuf carraa inni qabu dha jedhamee hiikamu ni danda’a. Kanarraa ka’uudhaan,
saaxilamummaan malaammaltummaa jechuun carraa malaammaltummaan
uumamuuf/raawwatamuuf qabu dha jedhamee hiikamu ni danda’a.
Saaxilamummaa tajaajila kutaaleen mana hojii keenyaa keessa jiran adda baasudhaaf
aangoon mana hojii keenyaa akka waliigalaattiifi adeemsaalee mana hojii keenyaa tokko
tokkoon maalinni kan jedhu irratti hundaa’a.Sadarkaa saaxilamummaa keessa jiru akkaataa
armaan gadiitti ilaaluun ni danda’ama. Kallattiin madaallii ittiin gaggeeffamus qabxiilee afur of
keessatti qabatan akka armaan gadiitti tarreeffameera. isaani
Akkaataa Amala Hojiitiin
Hanga Maallaqa Socho’uutiin
Sirna To’annoo Diriireen
Miidhaa Maallaqaatiin
Bu’uuruma kanaan Saaxilamummaa kutaalee mana hojii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
carraa saaxilamummaa qaban akka itti aanutti dhiyaataniiru.
5.1.1. Daayirektoreetii Hojii Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa
Hojiin kun hojii ijoo mana hojichaa yoo ta’u; lammiileen,qaamoleen mootummaafi mit
mootummaa gara garaa dhimmaa aangoo abbaa seerummaatiin furmaata argachuu malu
qabatanii yammuu dhiyaatan kan itti keessummaa’aniifi furmaata argatanidha. Hojiin Adeemsa
kanaan hojjatamu kabajamuu mirga lammiileefi mirkanaa’uu ol’aantummaa seeraa keessatti
gahee ol’aanaa qaba.Hojiin kun amaluma isaatiin namoonni ykn qaamoleen fedhii gara garaa
qaban kan biratti keessummaa’aniifi tokko kan argatuu(gain)fi tokko immoo kan dhabu(looser)
dha.Namoonni ykn qaamoleen kunneenis wal mo’achuuf bakka itti wal falmanidha.
Saaxilamummaa Daayirektoreetii kana kallattii madaallii arfaniin akka armaan gadiitti ta’a.
5.1.1.1. Akkaataa Amala Hojiitiin
Akkuma beekkamu hojiin abbaa seerummaa hojii bilisummaan hojjatamu akka ta’e heera
mootummaa naannoo oromiyaa fooyya’ee bara 1994 bahe keewwata 61/1 jalattiifi seerota biroon
tumameera. Waan ta’eefis abbootiin seeraa bilisummaa kana dawoo godhachuudhaan seerota ifa
jiran cabsuudhaan qaama tokkoof looguu danda’u.Gama biraatiin aangoo abbaa seerummaa
Tarsiimoo Dagaagina Naamusaafi Ittisa Malaammaltummaa Manneen Murtii Oromiyaa
24
isaaniif kenname dawoo godhachuudhaan miidhaa qaqqabsiisuu danda’u akkasumas fayidaa
gara garaatiin murtii kennuu danda’u. Akkuma armaan olitti caqasne hojiin kun hojii namoonni
ykn qaamoleen lamaaf sanaa ol ta’an injifachuuf fuulduratti wal falman waan ta’eef seerafi seera
jiruun abbaa mirgaa ta’uuf deemuun akkuma jiru karaa qaxxaamuraan haqa argachuuf
akkasumas haqa isaaniif hin malle argachuuf deemuu kan barbaadu waan jiruuf sadarkaan
saaxilamummaa isaa ol’aanaadha.
5.1.1.2. Baay’ina Qarshii Socho'uun
Daayirektoreetiin KTAS keessatti qarshiin sochoo’u yeroo ilaalamu gama maallaqaan
saaxilamummaan adeemsi kun malaammaltummaa fi hojiimaata badaaf qabu gad aanaadha.
5.1.1.3. Haala To'annoo Diriiree Jiruun
Daayirektoreetiin KTAS tajaajila inni uummataaf kennuun walqabate hallii to'annoo adda adda
yoo diriire illee, haalli malaammaltummaan adeemsa kana keessatti itti raawwatu karaa dhoksaa
ta’een waan ta’eef sadarkaa barbadamuun hambisuun waan hin danda'amneef saxilamummaan
inni qabu jiddu galeessa dha.
5.1.1.4. Dhimma Maallaqaan Walqabatuun
Mallaqa gallii abbaa seerummaafi mallaqa imaanaa qajeelfama faayinaansiin ala bulchuufi
qisaasuu fayidaa dhuunfaafis oolfachuun ofiseroota seeraa biratti mul’achuu waan danda’uuf
saaxilamummaan isaa ol’aanaadha.
Xumura
Akka waliigalaatti kallattii madaallii taa’an arfan keessaa walakkaa ol ol’aanaa waan ta’eef
sodaan saaxilamummaa malaammaltummaa fi hojimaata badaa Daayireektoreetii Hojii KTAS
qabu sadarkaa ol’aanaa ta’a.
5.1.2. Waajjira Gumiifi Daayireektoreetii Misooma Qabeenya Humna Namaa
Waajirri Gumiifi Daayirektoreetii misooma qabeenya humna namaa bulchiinsa abbootii seeraafi
hojjattoota mana murtii kan bulchu yammuu ta’u, hojiileen Adeemsa kana keessatti hojjataman
caasaa mana hojiichaa qorachuudhaan humna namaa murteessuu, sadarkaa gita hojii murteessuu,
qaxarrii, jijjiirraa, ramaddii, dabala mindaa raawwachuu, guddina sadarkaa, qabiinsa ragaa
hammayyeessufi ragaa humna nama qabachuu, leenjii qindeessu fi bu’aa isaa madaalu fi kkf dha.
Saaxilamummaa Daayirektoreetii kana kallattii madaallii shananiin akka armaan gadiitti ta’a.
Tarsiimoo Dagaagina Naamusaafi Ittisa Malaammaltummaa Manneen Murtii Oromiyaa
25
5.1.2.1. Amala Hojiitiin
Daayirektoreetii kun amala hojii isaa irraa ka’uudhaan yeroo ilaalamu, Jijjiirraa, Qacarrii,
Guddina sadarkaa, Ramaddii Hojii, Soorama Abbootii Seeraafi hojjattootaa waliin kan
walqabatu akkasumas carraa barumsaafi leenjii waliin ga’uuf hojii hojjatamu keessatti
qajeelfamootaa ala bahuudhaan loogiin raawwachuu waan danda’uuf hojmaata badaa fi
malaammaltummaaf saaxilamummaa hojiichi qabu yeroo xiinxalamu jiddu galeessa dha.
5.1.2.2. Baay’ina Maallaqa Socho’uun
Daayirektoreetii misooma qabeenya humna namaa leenjii kennuufis ta’e humna namaa bulchuuf
baajata kan barbaadu yoo ta’e illee tuttuqaa inni mallaqaa waliin qabu waan hin jirreef
malaammaltummaaf saaxilamuuf ga’ee inni qabu gad aanaa dha.
5.1.2.3. Sirna Too’annoo Diriirfameen
Hojiiwwan Daayirektoreetii kanaan raawwataman kan akka qacarrii,guddinaafi jijjiiraan
seerotaafi qajeelfamoota ittiin raawwataman qabu.Haa ta’uutii garuu gama tokkoon qaawwaa
qajeelfamoonni kun qabanitti fayyadamuudhaan gama birootiin immoo qajeelfamoota ifatti jiran
cinatti dhiisuudhaan loogiin hojjachuun jiraachuu waan danda’uuf saaxilamummaan isaa jiddu
galeessadha.
5.1.2.4. Dhimma Maallaqaan Walqabatuun
Hojiin Bulchiinsa Humna Namaa qacarriidhaan, guddinaa sadarkaatiin, leenjii fi tajaajila adda
addaa kan biroo waliin kan walqabatu waanta’eef waliitti dhufeenyi inni maallaqa waliin qabu
xiqqaa waan ta’uuf miidhaan qaqqabuu fi saaxilama inni malaammaltummaaf qabus walbira
qabamee yoo ilaalamu gadi aanaa dha.
Xumura
Haala waliigalaatiin Adeemsi Waajirri Gumii fi Daayirektoreetii misooma Qabeenya Humna
Namaa ulaagaa madaallii armaan olitti taa’een saaxilamummaan isaa jiddu galeessa dha.
5.1.3. Daayireektoreetii Bittaa fi Bulchiinsaa fi Faayinaansii
Daayirektoreetii kun adeemsota mana hojichaa keessa jiraniif meeshaalee waajira keessatti ittiin
hojjataniifi faayidaalee tarsiimo’aaf oolan ni bita,kanfaltiilee hojiif barbaachisan seeraaf
danbiilee kafaltii maallaqa mootummaa eegudhaan ni raawwata,gabaasa faayinaansii ni
qopheessa qaama ilaaluuf ni dhiyeessa.
Tarsiimoo Dagaagina Naamusaafi Ittisa Malaammaltummaa Manneen Murtii Oromiyaa
26
Saaxilamummaa Daayireektoreetii kana kallattii madaallii arfaniin akka armaan gadiitti ta’a.
5.1.3.1. Amala Hojichaatiin
Daayirektoreetii kun amala tajaajila adda addaa kennu irraa kan ka’een saaxilamaadha.Bittaaleen
tajaajilaaf adeemsota irraa gaafataman qulqullina isaanii kan eeggatan ta’uu dhabuu waan
malaniif,meeshaaleen saamudaaf dhiyaatan yeroon bitanii dhiyeessuu dhabuun waan jiraatuuf
kanfaltii durgoo olmaa raawwachuu fi qabiinsa harshammeetiin,qajeelfama taa’een kanfaltii
raawwachuun walqabatee saaxilamummaan malaamaltummaafi hojimaata badaan adeemsichaa
ol’aanaa taasisa.
5.1.3.2. Baay’ina Maallaqa Sochoosuun
Daayirektoreetii hojii kun adeemsota hojiif bitaman meeshaa dhaabbiif dhumataa fi waan bituuf,
kanfaltiiwwan adda addaa waan raawwatuf, saaxilamummaa hojimaata badaafi
malaamaltummaa adeemsichaa ol’aanaa taasisa.
5.1.3.3. Sirna To’annoo Diriirfameen
Daayirektoreetii jalatti sirni to’annoo kan diriire ta’u illee yeroo tokko tokko haaloota
qajeelfama kanfaltii faayinaansiitiin ala raawwatamuu waan danda’uuf saxilamummaan
hojimaata badaaf malaamaltummaaf qabu jiddu galadha.
5.1.3.4. Dhimmoota Maallaqaan Waliitti Dhufaniin
Daayirektoreetii qabeenya inni mana hojichaaf bituufi kanfaltiin inni raawwatu ol’aanaa waan
ta’eef malaamaltummaan raawwatamu miidhaan geessisu ol’aanaa waan ta’eTajaajilli Adeemsi
kun kennu kallattiin mallaqaan waan wal qabatuuf sodaan saaxilamummaa isaa ol’aana dha.
Xumura
Daayirektoreetii hojii kun akkaatuma olitti xiinxalxmeen sadarkaan sodaa saaxilammumma
hojimaata badaaf malaamaltumaa isaanii yoo ilaallu olaanaa dha.
5.1.4. Daayirektoreetii Odiitii Keessaa
Daayirektoreetii hojii kun herreega mana hojichaa ni qorata, maallaqaaf sanadoota maallaqaa
hunda ni sakaatta’a,hojimaata hanqina qabuu hordofuun ni sirreessa, dhimmootiin
gaafatamuumma qaban qaama dhimmi ilaalatutti dhiyeesse waliin ni hojjeeta, kana irra ka'uun
saxilaamumma isa kallatti armaan oliitin yemmu ilaalamu,
Tarsiimoo Dagaagina Naamusaafi Ittisa Malaammaltummaa Manneen Murtii Oromiyaa
27
5.1.4.1. Amala Hojichaatiin
Daayirektoreetii hojii kun amalli hojii isaa malaamaltummaaf saaxilamaa waan ta’eef sanada
mana hojiichaa keessatti jiru yeroo sakatta’u qaama sakaatta’amuun waliin waliigaltee faayidaa
dhuunfa jidduu galeessa godhatee uumuun,maal na dhibdeedhaan dogoggora bira darbuu,icciitii
dabarsanii kennuu, sanada dhoksuu, saaxilamuummaan hojimaata badaaf malaamaltumma qabu
giddu galeessa taasisa.
5.1.4.2. Mallaqaa Sochoosuun
Daayirektoreetii kun baajata sochoosu waan hin qabneef sadarkaan saaxilamummaan
malaamaltummaaf hojimaata badaaf qabu gad aanaadha.
5.1.4.3. Sirna To’annoo Diriireen
Sirna to’annoo adeemsa hojichaa diriiree jiru saaxilamummaan malaamaltummaaf hojimaata
badaaf qabuu giddu galeessa.
5.1.4.4. Miidhaa Mallaqaatiin
Daayirektoreetii hojichaa sanadoota mana hojichaa yeroo qoratu/odiitii/ta’u qaama odiitii ta’u
waliin waliigalee faayidaa dhuunfaaf jechaa dhugaa dhoksuu, maaltu nadhibeedhaan dogoggora
bira darbuu maallaqa fudhachuu, sanada dhoksuu haquu dhimmootiin kanaaf kanaan wal qabatan
yoo kan raawwataman ta’e malaamaltummaaf hojimaata badaaf saaxilamummaaf hojimaata
badaaf inni qabu gidd galeessa dha.
Xumura
Daayirektoreetii hojii kun safartuu saaaxilamummaa malaamaltumaatiif oliitti taa’aniin yammuu
ilaalamu saaxilamummaan isaa giduu galeessa dha.
5.1.5. Waajira Naamusaa fi Inispeekshinii
Waajirri kun naamusa hawaasa manneen murtii dagaagsuuf ni hojjata, komiiwwan kenniinsa
tajaajila abbaa seerummaa manneen murtii Oromiyaa irratti dhiyaatan simachuun furmaata itti
laata.
5.1.5.1. Amala Hojiitiin
Waajirri kun tajaajila kennuun saxilamummaan malaammaltummafi hojimaata badaaf qabu
yeroo badiin naamusaa raawwatamu quqamaan sirreessuf deemu irra maaltu nadhibee maliifan
Tarsiimoo Dagaagina Naamusaafi Ittisa Malaammaltummaa Manneen Murtii Oromiyaa
28
namaan walitti bu'a jedhanii ilaaluun malaammaltummaafi hojiimata badaaf saxilamumma isaa
jiddu galeessa tasiisa.
5.1.5.2. Baay’ina Maallaqa Sochoosutiin
Waajirri kun baajata sochoosu fi itti ajaju waan hin qabneef saaxilamummaan isaa gadii aanaa
dha.
5.1.5.3. Haala To'annaa Diriireen
Waajirri kun Danbiin Naamusaafi danbii sirna qorannoo irratti hundaa’ee kan hojjatu waan ta’eef
saaxilamummaan isaa gad aanaa kan ta’e yoo ta’e illee bakka tokko tokkotti dambiiwwan kana
keessaas bahanii hojjachuun waan jiraatuuf saaxilamummaan isaa jiddu galeessadha.
5.1.5.4. Dhimmoota Mallaqaan Walqabatuun
Kutaan kun dhimma mallaqaan walhiqabanne irratti saxilamumman isaa gadii anaa waan ta'eef
midhaan qaqqabuus gadii anaadha.
Xumura
Saaxilamummaan Waajira kanaa ulaagaalee armaan oliitiin yammuu madaalamu giddu galeessa
dha.
5.1.6. Daayireektoreetii Bulchiinsa Qabeenya Tajaajila Waliigalaa
Daayireektoreetiin kun qabeenya mana hojichaa ni bulcha, bobbaasa konkolaataa ni raawwata,
ni hordofa, tajaajila walii galaa ni kenna, Saaxilamummaa Adeemsa kana kallattii madaallii
arfaniin akka armaan gadiitti ta’a.
5.1.6.1. Amala Hojichaatiin
Daayireektoreetiin kun amaluma tajaajila adda addaa kennu irraa kan ka’e
saaxilamaadha.Suphaan yerooon raawwatamuu hafuun,kunneen suphaman ogeessaan
mirkaneessanii wal harkaa fuudhuu dhabuun,boba’aa qisaasuun,dhidhimsa qaabeenyaa irratti
qajeelfama hordofuu dhabuun,inventory gochuun qabeenya to’achuu dhabuun,qabeenya mana
hojichaa hundaaf wal qixa qooduu dhabuun jiraachuu waan danda’uuf saaxilamummaan
malaamaltummaafi hojimaata badaan adeemsichaa jiddu galeessa ta’a.
Tarsiimoo Dagaagina Naamusaafi Ittisa Malaammaltummaa Manneen Murtii Oromiyaa
29
5.1.6.2. Baay’inaa Maallaqa Sochoosuutiin
Daayireektoreetiin hojii kun mallaqa sochoosu yoo hin qabaanne illee kuuppoonii boba’aa
bulchuun wal qabatee saaxilamummaa hojimaata badaafi malaamaltummaa adeemsichaa jiddu
galeessa taasisa.
5.1.6.3. Sirna To’annoo Diriirfameen
Daayireektoreetii kana jalatti sirni to’annoo kan diriire yoo ta’e illee qajeelfama jiruun ala
raawwataman raawwatamuu waan danda’uuf saxilamummaan hojimaata badaaf
malaamaltummaaf qabu jiddu galeessa ta’a.
5.1.6.4. Dhimmoota Maallaqaan Waliitti Dhufaniif
Daayireektoreetiin kun qabeenya bulchu yeroo isaa eeggatee kan hin suphisiifne yoo ta’e
miidhaan geessisu jiddu galeessa waan ta’eef sodaan saaxilamummaa isaa jiddu galeessa dha.
Xumura
Daayireektoreetiinm hojii kun akkaatuma olitti madaalameen sadarkaan sodaa saaxilammumma
hojimaata badaaf malaamaltumaa isaanii yoo ilaallu jiddu galeessa dha.
Kutaaleen hojii kunneen amala tajaajila kennan irraa kan ka’e carraa saaxilamummaa kan qaban
waan ta’aniif filatamanii kan dhiyaatan yammuu ta’e kutaaleen Mana Murtii biroonis sadarkaan
isaa gad aanaa haa ta’u malee carraa saaxilamummaa waan qabaniif kunneen sadarkaa
saaxilamummaa isaanii ibsame irratti hundaa’uun karoora isaanii keessatti saaxilamummaa kutaa
hojii isaanii adda baasuun irratti hojjachuutu irraa eegama.
Kutaa Jaha
6. Tooftaawwan Raawwii Tarsiimichaa
6.1. Tooftaawwan Dagaagina Naamusaa Ilaalchi malamaltummaa akka naannoo keenyattis ta’ee akka biyyoolessatti sadarkaa ol’aanaa
irra jiraachuun kan wal-nama gaafachiisuu miti.Akka seektaroota naannoo keenyatti qaamoleen
haqaa Mana Murtii dabalate ilaalchaa fi gochaan malamaltummaa keessatti dagagee jiraachuun
beekamaadha.Ilaalchi malamaltummaa gocha malamaltumaaf ka’uumsa waan ta’eef gocha
Tarsiimoo Dagaagina Naamusaafi Ittisa Malaammaltummaa Manneen Murtii Oromiyaa
30
malamaltummaa maqsuuf adda durummaan ilaalcha malaammaltummaa irratti hojjachuun
barbachisaadha.
Haala seenaa biyya keenyatti Ilaalchi malamaltummaa sirnoota Mootummoota darbanii keessatti
dagaggee kan ture yoo ta’u hawaasa keessattis hundee gad fageeffatee waan jiruuf ilaalcha
hamaa kana maqsuuf ykn hirdhisuuf qaamolee hawaasaa,mootummaa fi mit-mootummaa gara
garaa waliin ta’uun irratti hojjatamuu qaba.Tooftaawwan hordofamuu qabanis;
6.1.1. Manneen Barnootaa fi Dhaabbilee Barnoota Ol’aanoo Waliin Hojjachuu
Naamusa gaariis ta’ee gadhee namni tokko qabu kan murteessu haala maatii inni gidduutti
guddate,hiryootaafi hawaasa inni gidduutti guddatedha jedhamee amanama.Amala ijoollummaa
kaasee egeree nama tokkoo bocuu keessatti gaheen manneen barnootaa murteessaadha.Waan
ta’eefis sadarkaa gadii irraa calqabee dhimmi naamusaa kaarikulamii barootaa keessatti
hammatamee dhaloonni egeree gamanumaa naamusaawaa ta’ee akka guddatu taasisuuf qaama
dhimmi ilaalu waliin irratti hojjachuun barbaachisaadha.
Qorannoon kanaan dura sadarkaa mana murtii waliiglaatti qoratame akka mul’isetti
dargaggoonni Yuunivarsiitii keessatti barnoota kam yoon baradhen beekumsan argadhetti
fayyadamee hojjadhee ofis,maatii koos biyya koos fayyada jechuu irra maal filadhee yoon
baradhen qaxxaamuraan duroomuu danda’a jedhan kan jiran heddudha.Waan ta’eefis
dhaabbileen barnoota ol’aanoo seera barsiisan dhimmoota naamusaaf xiyyeeffannoo ol’aanaa
kennuu haala itti danda’an irratti hojjachuun barbaachisaadha.
6.1.2. ILQSO waliin Hojjachuu
Sadarkaa rakkoon naamusaa akka waliigalaatti irra jiru adda baafachuun darbees sadarkaa
naamusa abbootii seeraa tokko tokkoo adda baafachuun sadarkaa abbootiin seeraa irra jiraniin
leenjii hubannoo naamusaa cimsu kennuufiin barbaachisaadha.
Leenjii hojii duraa irrattis haala baratameen ala tooftaawwan gara garaa uumuun haala addaatiin
leenjii naamusaa kennuun barbaachisaadha.Leenjiin kennamus haala qabatamaa manneen murtii
keessa jiru walsimsiisuun kennuun akka danda’amu Waajjira Naamusaafi Inispeekshinii waliin
ta’uun hojjachuun barbaachisaadha
Tarsiimoo Dagaagina Naamusaafi Ittisa Malaammaltummaa Manneen Murtii Oromiyaa
31
6.1.3. Manneen Amantaa fi Abbootii Amantaa Waliin Hojjachuu
Ilmaan namootaa amantaa gara garaa qaban waa hunda irra qajeeltoowwan amantaa isaanii ni
sodaatu,barannoowwaniifi duudhaawwan amantaa isaanii ni kabaju jedhamee
amanama.Biyyoota lammiiwwaan ishee heddu amantaa gara garaa hordofan keessaa biyyi
keenya ishee calqabaa akka taate qorannoon akka idil addunyaatti gaggeeffame mirkaneessee
jira.
Akka uummata Oromoottis guutumaan guutuutti jechuun haala danda’amuun namni tokko
amantaa Kiristaanaa,amantaa Islaamaafi amantaa Waaqeffannaa keessaa tokko hordofa
jedhamee amanama. Qajeeltoowwam amantaalee kunneenii immoo malaammaltummaa
guutuumaan guutuutti balaaleffatu.
Akka duudhaa Oromoottis hanni jibbisiisaafi cigaasisaadha.Kun bakka ta’ee jirutti hubannoo
dhabuu irraa haa madduu ykn fedhii fooniin mo’atamuu irraa haa ta’uu rakkoon kun yeroo
calaqqisu mul’ata.Waan ta’eefis dhaloota egeree bocuu keessatti manneen amantaa murteessoo
waan ta’aniif dirqama isaanii kana akka bahan irratti hojjachuun barbaachisaadha.
6.1.4. Waltajjiiwwan Hubannoo Uuman Qopheessuu
Waltajjiiwwan gara garaa qopheessuun Abbootii Gadaa, Jaarsolee Biyyaa,Abbootii
Amantaa,Namoota Beekamoo(Public Figures),fi kunneen biroo dhimma kanaaf rogummaa
qaban afeeruun quuqama ogeessonni hawaasa isaaniif qaban cimsuun miira tajaajiltummaa
keessatti uumuuf irratti hojjatamuu qabaata.
6.1.5. Hojiilee Maxxansaa Gara Garaa Hojjachuu
Barruun dhimma naamusaa irratti xiyyeeffachuun idileedhaan yeroo murtaa’e keessatti
maxxanfamee bahu jiraachuu qabaata. Biroosharootaafi baanaroota gara garaa maxxansiisuun
hawaasa maneen murtii bira akka gahu taasisuunis barbaachisaadha,irratti kan hojjatamu
ta’a.Suur sagaleewwan gara garaa qopheessuudhaan kalattii gara garaatiin hawaasa bira akka
gayan taasisuunis hawaasni mirgaa fi dirqama isaa gargar baafatee akka baruufi bakka
miidhaan irra gayettis mirga isaa akka gaafatu taasisuun hojii bal’inaan irratti hojjatamuu
maluudha.
6.2. Toftaawwan Ittisa Malaammaltummaa Kutaa kan jalatti tajaajiloota addaan bahanii adeemsaalee ijoo fi deegarsatti kennaman irra
ka'udhaan haala saaxilamummaa malaammaltummaa tarreeffameen rakkoowwan bu'uura irraa
Tarsiimoo Dagaagina Naamusaafi Ittisa Malaammaltummaa Manneen Murtii Oromiyaa
32
salphisuufi itti fufinsaan fi dhaabbiidhaan too'achuuf akka danda'amuutti malaammaltummaa
ittisuuf tooftaawwan armaan gadi akka furmaataatti kaa'ameera.
6.2.1. Sirna Fo’annoo fi Filannoo cimsuu
Ogeeyyiin gara Mana Murtii dhufanii hojii abbaa seerummaa irratti bobba’an of eeggannoo
guddaan calalamuu qabaatu.Naamusa isaanii xiyyeeffannoo kennamuun irra jiraata.
Danbiiwwanii fi Qajeelfamoonni fo’annoo fi filannoo Abbootii Seeraa dhimma naamusaaf
xiyyeeffannoo ol’aanaa kennu bocamuutu irra jiraata.
6.2.2. Malaamaltummaa fi Saaxilamummaa Abbootii Seeraa Hirdhisuu
Saaxilamummaa Abbootiin Seeraa malaammaltummaaf qaban hir’isuuf dhimmoota akka
mindaa fi fayidaa foyyeessuu,mana jireenyaa mijeessuu,sirna galii fi qabeenya beeksisuu fi
galmeessuu, fi kanneen biroo qaawwaa malamaltummaaf saaxilan qorannoo irratti gaggeessuun
furmaa kennuun barbaachisaadha.
6.2.3. Sirna Naamusa Jajjabeessu Diriirsuu fi Hojii Irra Oolchuu
Sirna Guddina sadarkaa,Jijjiirraa,Carraa barnootaa fi kanneen biroo keessatti ogeessota
naamusaawaa jajjabeessu diriirsuun ogeessota naamusaawaa ta’an jajjabeessuun irratti
hojjatamuu qabaata.
6.2.4. Sirna To’annoo fi Hordoffii Diriirsuun Hojii Irra Oolchuu
Hojiin hojjatamuu qabu sadarkaa barbaadamuun hojjatamaa jiraachuu isaa tooftaa gara garaatti
fayyadamuudhaan hordofuu, gamaaggama hojii yeroo yeroon gaggeessuu, xiinxala yaada
uummataa gaggeessuu fi sirna komiin itti fuudhamu diriirsuudhaan to’annoo fi hordoffii
cimsuun irratti hojjatamuu qaba.
6.2.5. Qaamolee Mootummaa Biroo Waliin Qindoominaan Hojjachuu
Hojiin yakka Malaammaltummaa maqsuu hojjatamu manneen hojii mootummaa hunda keessatti
haala wal fakkaatuun ciminaan yoo irratti hin hojjatamiin malaammaltummaa ittisuufis ta’ee
raawwatamee yammuu argame itti gaafatamummaa mirkaneessuuf danqaa ta’uu waan
danda’uuf qaamolee mootummaa biro waliin qindoomuun irratti hojjatamuun irra jiraata.
6.2.6. Sakatta’iinsa Galmee Murtii Boodaa Gaggeessuun Hanqinaalee Mul’atan Irratti
Leenjii Kennuu
Sakatta’iinsa galmee murtii boodaa gaggeessuun hanqinaalee achi keessaatti argaman irratti
leenjii kennuun murteessaadha.Waan ta’eefis duubdeebii sakatta’iinsa galmee murtii boodaa
Tarsiimoo Dagaagina Naamusaafi Ittisa Malaammaltummaa Manneen Murtii Oromiyaa
33
irraa argamu irratti hundaa’uudhaan leenjii kennuun hanqinawwan wal fakkaataan irra
deddeebi’amee akka hin raawwatamne irratti hojjachuun murteesaadha.
6.2.7. Kenniinsi Tajajila fi Hojiimaanni Jiru Iftoomaa Akka Qabaatu (transparent) fi
Madaalawaa Akka (fair trial) Taasisuu.
Kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa keessatti jalqaba baniinsa galmee irraa eegalee hanga
murtiin fi oliyyannoon kennamutti adeemsi jiru iftoomina akka qabaatuuf irratti hojjatamuu
qaba. Gama biraatiin falmiin gageeffamu madaalawaa ta’uun irra jiraata kanaafis sirni
barbaachisaan diriiruun irra jiraata.
6.2.8. Haalawwan, Seeraa fi Hojimaataa Malamaltummaaf Qaawwa Uuman Adda Baasuun
Maqsuu
Haalawwan seeraa fi hojimaataa kenniinsa tajajila sbbaa seerummaas ta’ee kutaalee hojii
Mammeen Murtii keenyaa malamaltummaaf qaawwa uuman adda bahee sirnaa fi hojimaata
iftoominna qabu diriirsuun malamaltummaa fi hojimaata badaa maqsuun ykn hir’isuun irratti
hojjatamuu qabaata.
6.2.9. Itti Gaafatamamummaa Mirkaneessuu
Yakki malaammaltummaa raawwatamee yammuu argametti araarama tokko malee tarkaanfii
namoota birootiifis fakkeenya ta’u fudhachuun barbaachisaadha.Yoo hin taane garuu sadarkaa
barbaadamuun Malaammatummaa ittisuu waan hin dandeenyeef rakkoo kana keessaa bahuun
hin danda’amu. Waan ta’eefis hojiin itti gaafatamummaa mirkaneessuu ciminaan hojjatamuu
qabaata.
Gama birootiin
Sirna madaallii naamusa hojjattootaa diriirsuu
Kutaaleen mana hojii hundinuu karoora waggaa ittiin qajeelfaman keessatti tooftaa
Malaammaltummaa ittisuu isaan dandeessisu galma tarsiimoo isaanii keessa
galchuudhaan akka karoorfatan taasisuu.Raawwii isaas gamaggamni akka irratti
gaggeeffamu taasisuu.
Sanduqaa fi galmee yaadaa balbala tajaajilli itti kannamu hunda irra akka jiraatu
gochuu,
Malaammaltummaa saaxiluu akka danda’an mirgaa fi dirqama barreessuun balbala
tajaajilli itti kennamu hunda irratti bakka mul’atutti maxxansu,
Tarsiimoo Dagaagina Naamusaafi Ittisa Malaammaltummaa Manneen Murtii Oromiyaa
34
Hojjattootaa Malaammaltummafi hojimaata badaa irratti qabsahuun adda dure ta'aniif
beekamtii kennu,
Tarsiimoo Dagaagina Naamusaafi Ittisa Malaammaltummaa Manneen Murtii Oromiyaa
35