barumsa bu

24
1 BARUMSA BU'UURA AMANTII KIRISTAANAA KUTAA 1: JIREENYA HAARAA KIRIRSTOOSITTI AMANUU DHAAN ARGAchuu 1. Jireenya Haaraa Y eroo itti Gooftaa Yasuusiin gara jireenya keetti affeertee eegalee, akka abdii ofii isaatii siif kenneetti Inni gara jireenya kee dhufee jira. Mul. 3:20 “kunoo, ani balabala dura dhaabadhee balabala nan rurrukuta; namni sagalee koo dhaga’ee yoo anaaf bane, ani ol nan lixa, isaa wajjinis maaddiitti nan dhiyaadha, innis anaa wajjin in ynaata” Akka dubbii Waaqayyoo kanaatti: balbala inni jedhu laphee/onnee keenya agarsiisa. Ga'een kee immoo onnee kee bantee Gooftaa Yasuusiin gara jirreenya keetti simachuudha. Ga’een Gooftaas gara jireenya keetti ol seenee si keessa jiraachuudha. Ati Kiristoosiin gara jireenya keetiitti kan affeerte akkaataa kanattii? Y oo Kiristoosiin gara jireenya keetti akkasitti affeertte ta’eef, jireenya kee ilaalchisee kiristoos amma karaa hafuura Isaa fi sagalee Isaa si keessa jiraachuu jalqabeera jechuudha. Amma kiristoos jireenya kee keessa jiraachuu isaas amantiidhaan beekta jechuudha. Sabani isaa Inni Dubbii ofii Isaatiitiin yoo nuti affeerre, gara jireenya keenyaa akka dhufu waadaa seeneera waan ta'eef. Egaa kana booda jireenyi kee, mana cubbuu fi Seexanaa otuu hin taane, mana qulqullummaa Waaqayyoo ta'uutti geddarameera. Atis Gooftaa jiraataa ta'ee waj 2. Fayyinaa fi Mirkaneeffannoo Namni Goofta Yasuusitti amanu tokko Kiristoosii wajjin tokkummaa sirrii ta’e akka qabu beekuu in danda’a; beekuutus irra jira. Y oo kana beekee hin mirkaneeffatu ta’es mamtuu ta’a; gammachuu fi nagaa dhugaa isa Kiristoositti amanuun argamu sana qabaachuu hin danda’u. Akkasumas jireenya isaatiifis hiikkoo argachuu hin danda’u. Amma ati Kirstoos gara jireenya kee waan dhufeef Waaqayyoo wajjin jireenya haaraa jalqabdeetta jechuu dha. Kana jichuun karaa dhugaa irra deemuu jalqabdeetta jechuudha. Jireenya haaraa kana immoo kan argachuu dandeesseef jireenya amala gaariin ijaarame qabaachuu keen, maatii gaarii irraa dhalachuu keetiinis miti. Ati Kiristaana kan ta’uu dandeesse sababa Kiristoos gara jireenya kee dhufeef qofa. Kiristoos gara jireenya kee waan dhufeef jireenya haaraa ykn jireenya barabaraa argaattee jirta. Kanaafis gammadi! Mee 1Y oh: 5:11-13 dubbisitii sirriitti irratti yaadi. Akkas jedha, “Waaqayyo jireenya bara baraa nuuf kenne; egaa dhugaan isaa isa kana; jireenyi barabaraa kunis ilma isaa keessatti argama. Namn illma Waaqayyoo hin qabne, jireenyicha hin qabu. Isin warri Maqaa ilma Waaqayyootti amantan, jireenya bara baraa qabaachuu keessan akka beektaniif kan hundmaa isiniif caafe. ” Akka kutaan kun heeruttis, . Jireenyi bara baraa kan argamu Ilma Waaqayyoo qabaachuudhan ta'a (1Yoh.5:11). Kanaafis, namni Kiristoos jireenya isaa keessa jiru jireenya bara baraa qabata(1Yoh. 5:12). Ati Jireenya bara baraa akka qabdu maaliin beekta? Deebiiin kee, 'Ilama Waaqayyoo Yasuus Kiristoosiin fudhachuu koo waanan beekuuf' yoo ta'e sirriidha.

Upload: haramaya-university

Post on 12-Jul-2015

995 views

Category:

Design


88 download

TRANSCRIPT

1

BARUMSA BU'UURA AMANTII KIRISTAANAA

K U T A A 1 : J I R E E N Y A H A A R A A K I R I R S T O O S I T T I A M A N U U D H A A N

A R G A c h u u

1. Jireenya Haaraa

Yeroo itti Gooftaa Yasuusiin gara jireenya keetti affeertee eegalee, akka abdii ofii isaatii siif kenneetti

Inni gara jireenya kee dhufee jira. Mul. 3:20 “kunoo, ani balabala dura dhaabadhee balabala nan

rurrukuta; namni sagalee koo dhaga’ee yoo anaaf bane, ani ol nan lixa, isaa wajjinis maaddiitti nan

dhiyaadha, innis anaa wajjin in ynaata”

Akka dubbii Waaqayyoo kanaatti: balbala inni jedhu laphee/onnee keenya agarsiisa. Ga'een kee

immoo onnee kee bantee Gooftaa Yasuusiin gara jirreenya keetti simachuudha. Ga’een Gooftaas

gara jireenya keetti ol seenee si keessa jiraachuudha. Ati Kiristoosiin gara jireenya keetiitti kan

affeerte akkaataa kanattii?

Yoo Kiristoosiin gara jireenya keetti akkasitti affeertte ta’eef, jireenya kee ilaalchisee kiristoos amma

karaa hafuura Isaa fi sagalee Isaa si keessa jiraachuu jalqabeera jechuudha. Amma kiristoos jireenya

kee keessa jiraachuu isaas amantiidhaan beekta jechuudha. Sabani isaa Inni Dubbii ofii Isaatiitiin

yoo nuti affeerre, gara jireenya keenyaa akka dhufu waadaa seeneera waan ta'eef.

Egaa kana booda jireenyi kee, mana cubbuu fi Seexanaa otuu hin taane, mana qulqullummaa

Waaqayyoo ta'uutti geddarameera. Atis Gooftaa jiraataa ta'ee waj

2. Fayyinaa fi Mirkaneeffannoo

Namni Goofta Yasuusitti amanu tokko Kiristoosii wajjin tokkummaa sirrii ta’e akka qabu beekuu in

danda’a; beekuutus irra jira. Yoo kana beekee hin mirkaneeffatu ta’es mamtuu ta’a; gammachuu fi

nagaa dhugaa isa Kiristoositti amanuun argamu sana qabaachuu hin danda’u. Akkasumas jireenya

isaatiifis hiikkoo argachuu hin danda’u.

Amma ati Kirstoos gara jireenya kee waan dhufeef Waaqayyoo wajjin jireenya haaraa jalqabdeetta

jechuu dha. Kana jichuun karaa dhugaa irra deemuu jalqabdeetta jechuudha. Jireenya haaraa kana

immoo kan argachuu dandeesseef jireenya amala gaariin ijaarame qabaachuu keen, maatii gaarii

irraa dhalachuu keetiinis miti. Ati Kiristaana kan ta’uu dandeesse sababa Kiristoos gara jireenya kee

dhufeef qofa. Kiristoos gara jireenya kee waan dhufeef jireenya haaraa ykn jireenya barabaraa

argaattee jirta. Kanaafis gammadi!

Mee 1Yoh: 5:11-13 dubbisitii sirriitti irratti yaadi. Akkas jedha, “Waaqayyo jireenya bara baraa nuuf

kenne; egaa dhugaan isaa isa kana; jireenyi barabaraa kunis ilma isaa keessatti argama. Namn illma

Waaqayyoo hin qabne, jireenyicha hin qabu. Isin warri Maqaa ilma Waaqayyootti amantan, jireenya

bara baraa qabaachuu keessan akka beektaniif kan hundmaa isiniif caafe. ” Akka kutaan kun

heeruttis, . Jireenyi bara baraa kan argamu Ilma Waaqayyoo qabaachuudhan ta'a (1Yoh.5:11).

Kanaafis, namni Kiristoos jireenya isaa keessa jiru jireenya bara baraa qabata(1Yoh. 5:12). Ati

Jireenya bara baraa akka qabdu maaliin beekta? Deebiiin kee, 'Ilama Waaqayyoo Yasuus

Kiristoosiin fudhachuu koo waanan beekuuf' yoo ta'e sirriidha.

2

Mee Yoh. 10: 27-29 dubbisi. “Hoolotni koo sagalee koo in dhaga’u, ani isaan beeka, isaanis na

duukaa in bu’u. Ani jireenya bara baraa isaaniif nan kenna, isaan bara baraan hin badan, namni

tokko illee harka koo keessaa isaan hin butatu Abbaan koo inni anatti isaan kenne, hundumaa irra

guddaa dha; homtinuus harka abbaa koo keessaa isaan butachuu hin danda’u.” jedha Gooftaan

Yasuus.

Akka dubbii Yasuus dubbifatte kanaatti, harka Kiristoos keessaa kan si baafachuu danda'u jiraa?

eenyutu si butachuu danda’aa? Rom.8:35 fi 8: 38-39 itti dabalii dubbisi. siin immoo egaa sichi

jalala Kiristoosittii kan garagar si baasuu danda’u jira?

3. Eebba Jireenya Haaraa Kana Keessatti Argamanii

Kiristaana jechuun nama KirIstoosiin fudhatee, Kiristoosis isaa keessa jiraatu jechuu dha. Akka

Macaafni qulqulluun jedhutti yeroo Yasusiin gooftaa jireenya kee gootee fudhattee wantoonni

baa’een jireenya kee keessatti raawateera. Kana jechuunis yeroo sanaa jalqabdee eebba baay’ee

argatteetta jechuu dha. Isaan keessaas muraasni:

3.1. Fayyinaa fi dhiifamuu cubbuu

Fayyinni kennaa namootni, yemmuu Waaqayyo biraa dhiifamuu cubbuu isaanii argatanii amantii

isaanii Kiristoos irra kaa’atan, tola (otuu gaatii itti hin baasin) argatanidha. Efesoon 2:8-9 dubbusi.

Fayyinni mindaa namootni gatii hojii isaanii isa gaariin argatan otuu hin taane, karaa Yasuus

Kiristoositti amanuu kennaa namaaf kennamu dha (dabalii Tito 3:4-5 dubbisi). Ati dhiifamuu

cubbuu keetii argatteettaa? (Qola.1:13-14)

Fayyin ati Kiristoositti amanuudhaan argatte kun kan itti fufiinsa qabu dha. Kiristoosis erga takkaa

gara jireenya kee dhufee, raawwatee si hin dhiisu. ( Ibroota 13:5) kanaafis, Kiristoosiin gara jireenya

keetti kan fudhachuun siif ta'u yeroodhuma tokkicha. Isaa boodas isumaa wajjin waliif galtee

jiraachuudhaan itti fufta.

3.2. Uumama Haraa Ta’uu

Uumam haaraa ta’uun kun jijjiirama jireenyaa Kiristoositti amanuudhaan argamu dha. Akka

2Qoron.5:17 keessatti barreeffamee jirutti, . namni Kiristoosa keessa isaa jiru uumama haaraa ta'a.

Kun immoo jireenya isa moofaa sanattii adda kan bahe dha. Namni Kiristoosiin fudhate irraa sich

kan mul'atu Kiritoos malee namummaa moofaa miti (Qola 3:10 fi Efesoon 4:24 dubbisi).

3.3. Maatii Haaraa

Nuti yemmuu Yasuusiin fudhannu, namoota Yasuusitti amanuudhaan ijollee Waaqayyoo ta’anii

wajjin, firooma ykn tokkummaa uummanneera jechuu dha. dhaqnacha irrattis akka qaama tokkoo

taaneerra. Rome 12:4-5; 1Qoro. 12: 12-13 fi 27 dubbisi. Kiristaanonni kan biroonis ijoollota

waaqayyoo waan ta’aniif walitti dhufeenyi ykn tokkummaan ati isaanii wajjin qabdu kan kan

obbolummaa ta'a jechuudha.

3.4. Mucaa Waaqayyoo Ta’uu

Yeroo Yasuusiin fudhanne ijoollota Waaqayyoo taaneerra. Hariiroon nu gidduutti uumames kan kan

abbummaa fi mucummaa ta’eera jechuu dha. Kiristoosin namoota fudhataniif haboon ijoollee

3

Waaqayyoo ta'uu kennameraaf (Yoh.1:12). Egaa nuyi ijoollee Waaqayyoo jedhamnee waamamuu

kan dandeenyeef Yasuus Kiristoosiin waan fudhanneef, maqaa Isaattis waan amanneef qofa (1Yoh.

3:1). Ijoollee warra (abbaa fi haadha) keenyaa kan taane fooniin irraa dhalachuu dhaan akka ta'e,

ijoollee Waaqayyoo kan nuti taanu immoo hafuuraan isa irraa dhalachuudhani dha (Yoh. 3:1-

3). Mucoolii Waaqayyoo taaneerra erga ta'e immoo, dhaaltuu Mootummaa Isaas ni taana (Galat.4:

6-7).

BARUMSA BU'UURA AMANTII KIRISTAANAA

K U T A A 2 : T O K K U M M A A G A A R I I K I R S T O O S I I W A J J I N

Q A B A A C H U U

Seensa

Jireenyi Kiristoosii wajjiinii sakkoo (ethics) garii ykn immoo seer-u’uuraa jireenyaa qofa otuu

hin taane, qunnamtii Waaqayyo karaa Kiristoos namootatti ittiin of mul’isee fi qunnamtii

namoonnis Isaa wajjin qabaachuu qaban kan agarsiisu dha. Barumsi kunis maalummaa

tokkummaa ykn qunnamtii kanaatii fi amanaan tokko akkaataa itti qunnamtii kana jalqabu,

eeggatuu fi tokkummaa kanatti akkaataa itti guddatu barsiisa.

Jalqabbii jireenya haaraa

Kiristaanni tokko Kiristoosiin gara jireenya isaatti guyyaa affeeruu jireenya haaraa jalqabeera

(1Yoh. 1:3 dubbisi). Namni kamuu hammuma cubbuu jireenya isaa keessa jiru himachuu

shaakale, tokkummaa Waaqayyoo wajjin qabu eeggachuu danda’a. Tokkummaa Kiristoositti

jiraachuu jechuun jireenya guutuu fi irraa hafaa ta’e shaakaluu jechuu dha. Ati Kiristoosiin akka

fayyisaa lubbuu keetiitti yemmuu fudhattee isaa wajjin firoomaa ykn tokkummaa dhuunfaa

uummatteetta (Yoh. 1:12 dubbisi).

Ati amma jireenya Kiristoosiin fudhattee waan jirtuuf maqaa “Kiristaana” jeshamu isa maqaa

Isaa irratti hundaa’en waamamuu argatteetta. Haa ta'u iyyuu malee, Yeroo baay’ee amantoonni

baay’een kan gaafatan gaaffiin baramaan jira. Kunis:“yoon cubbuu hojjedhee fi waan

Waaqayyoon gaddisiisu hojjedhe, maalan ta’aa?” ykn “froomnii fi tokkummaan ani Waaqayyoo

wajjin horadhe itti fufa moo yks Kiristoos jireenya koo in dhiisa?” kan jedhu dha.

Deebii gaaffii kanaa akkaataa ta’uttu hubachuudhaaf garaagarummaa firoomaa fi tokkummaa

gidduu jiru beekuun barabaachisaa dha. Tokkummaan ykn walitti dhufeenyi waan tokko yeroo

ta’u, firoomni immoo waan biraa dha. Mee hammuma ta’e gadi fageenyaan ilaaluu haa yaallu.

Walitti dhufeenya ykn Firooma

Hiika firoomaa ykn walitti dhufeenyaa sirriitti qabachuuf akka nu dandeessisutti, firooma

abbaa fi Ilama gidduu jiru akka fakkeenyummaatti haa fudhannu. Mucaan tokkko maatii tokko

keessatti yemmuu dhalatu jireenya isaa maatii isaa irraa fudhata. Abbaa fi ilma ta’aniiru.

Mucichis abbaa isaa irraa kan ka’e aboo qaba; maqaa abbaa isaatinis in waamama. Abbaa isaa

wajjin firooma abbaa fi mucummaa qabaata. Mucaan kun waan abbaa isaa gaddisiisu hojjetee

yoo manaa bade; akkasumas abbaan isaas yoo itti gadde, wal-dhabdee uumame irraa kan ka’e

firoomni abbuummaa fi mucummaa isaa waan addaan citu otuu hin taane firooma

siraanna/dhaabbataa ti. Mucichi amala akkami yoo qabaate iyyuu firoomsni isaanii akkuma

4

jirutti taa’a.

Tokkummaa

Tokkummaa qabaachuun firooma ykn walitti dhufeenya qaban fayyummaatti eeggachuu ykn

qabachuu keessaa kan bahu dha. Akka fakkeenya armaa olitti ilaalleetti, yoo mucaan manaa

bade, firoomni abbummaa fi mucummaa gidduu isaanii jiru yoo hafuu baate iyyuu

tokkummaan isaanii garuu tarkaanfii dogongoraa mucichi uumee irraa kan ka’e addaan cituu

mala.

Fakkeenya kana ibsuuf dubbiin Yasuus Luuqaas 15: 11-24 keessatti dubbate dubbisi. Kutaa kana

keessatti firoomni abbaa fi mucaa gidduu jiru addaan citee turee? Tokkumaan isaanii hoo?

Fakkeenya kana firooma nuti Waaqayyoo wajjin qabnuun walsimsiisuun ilaaluu in dandeenya.

Gooftaa akka Fayyisaa lubbuu keenyaatti erga fudhannee jalqabee haafuuran lammaffaa

dhalanneerra waan ta'eef, firoomni abbummaa fi mucummaa Waaqayyoo wajjin qabnu kan

addaan hin cinnee fi siraana (permanent) dha. Inni Abbaa keenya, nus ijoollee isaa ti; firoomni

keenya hin jijjiiramu. Garuu yeroo cubbuu raawwannu fi waan Waaqayyo itti hin gammanne

goonu tokkummaan nuti Waaqayyoo wajjin qabnu ni miidhama. Akka nama dukkana keessa

deddeebi’uus taana. Kanaaf tokkummaa addaan cite kana deebifnee suphuutu nu barbaachisa.

Kanas kan gochuu dandeenyu, qalbii diddiirachuu dhan.( Kutaa 6ffaa barumsa akanaa ilaali).

Barumsi kun kutaalee 7 qaba. Guutummaa barumsa kanaa asii fudhachuu dandeessu.

Waaqayyo isin haa eebbisu.

BARUMSA BU'UURA AMANTII KIRISTAANAA

K U T A A 3 : J i r e e n y a H a a r a a f i H a f u u r a Q u l q u l l u u

Seensa

Amanaan dhugaa hafuura qulqulluun guutamuu fi isaan deddeebi’uu ykn immoo to’annoo isaa

jala jiraachuu bare, yeroo hundumaa jireenya isaa keessatti shaakala nama ajaabsiisu fi jireenya

kiristaanummaa moo’ichaa qabu arguu dada’a.

Waaqayyo nuun ijoolleen isaa jiraanya moo’ichaa akka jiraannu barbaada. Karaa ittiin isa

jiraannus nuuf qopheesseera. Barumsa kana keessatti icciitii jireenya moo’icha qabuu barra.

Abdii Yasuus duuka buutotaaf kenne.

Erga isaan waggaa sadii oliif isa duukaa jiraatanii booda, gaaftokko Yasuus bartoota isaatti

sagalee ittii adda bahuu[fooniin] itti dubbate. Isaan dhiisee akka adeemuuf jiru itti hime. Isaanis

kana dhaga’anii garaan isaanii yeroo raafametti, sagalee jajjabinaa itti dubbate. Yoh.14:1-3.

Bakka kanatti kan inni ittiin jajjabeesse, akka dhaqee iddoo qopheesseefii dhufu; dhufees isaan

fudhatu itti dubbachuudhaan ture.

Jireenya akkasii keessatti mee ofii kee bakka bartootaa buusiitii ilaali. Maaltu sitti dhaga’amaa?

__________________________________________________________________

___________________

5

___________________________________________________________

Sagaleen jajjabinaa Kan biraan Yasuus bartootatti dubbates ni jira. Inns kan isa bakka bu’ee

isaanii wajjin

jiraatu, jajjabeessaa kan biraa akka isaaniif ergu itti dubbachuudhaan ture.

Yoh.14: 15-27 dubbisi. Kutaa kana keessatti Abbaan eenyuun akka ergu dubbataa?

__________________________________________________________________

___________________

___________________________________________________________

Dabalataafis Yoh.16: 5-15 dubbisi.

Luqqisiiwwan armaa olitti kennaman keessatti dhugaan dubbatame, akka Hafuurri Qulqulluun

dhufee isaan keessa jiraatuu; barabaraanis akka isaan keessa jiraatu dha. Kunis abdii Gooftaan

Yasuus yeroo itti isaa wajjin jiraachuu fi hojii ergaa wangeelaa namootaan gahuun mijataa hin

taane keessatti ture. Warri yeroo sana aboo fi dhageettii qaban hundinuu Yasuusiin ajjeesuu

waan fedhaniif, bartoonnis sodaa guddaa keessa galanii turan. Erga du’ee du’aa ka’ees, Yasuus

bartoota haala rakkisaa kana keessatti qobaatti isaan dhiisuu hin barbaanne. [Sumaan iyyuu

har’a Gooftaan qobaatti si dhiisuu hin fedhu].

Kana irraa kan ka’es ulfinni jireenyii fi amalli Kiristoos akkasumas aboon isaa karaa warra

Kiristoositti amananii Hafuura Qulqulluudhaan mul’ata. Hafuurri Qulqulluun abdii Kiristoos

warra isatti amananii isa duukaa bu’aniif keenne dha.

Har’as, abdiin kun jireenya warra Kiristoositti amananii duukaa isaa bu’aniif ni hojjeta. Hojiinii

fi jiraachuun hafuurichaa har’as dhugaadha.

Kiristaanni kamuu human ofii isaatiin jireenya moo’ichaa jiraachuu fi tajaajila firi-qabeessa

tajaajiluu hin danda’u. Kana jireenya namaa keessatti gochuu kan danda’uu fi jireenya

kirsistoosiin nu keessatti dhugoomsuu kan danda’u Hafuura Qulqulluu dha.

Kiristaanummaa adda kan godhu isa kana. Nuti waan ta’uu hin dandeenye ta’uu fi gochuu

yaallee, otuu nuuf hin milkaa’in hafuu isaatiin hallayyaa abdii kutannaa keessa gallee akka

dhuphannu Gooftaan hin barbaadu. Hallayyaa sana keessaa nu baasee, jireenya hafuuraatiinis

ta’ee sansakaan(ethics) gulantaa irra dhaabachuun nurraa eegamurra akka dhaabannu kan nu

dandeessisu hafuura Qulqulluudha. Inni kun immoo eebba Kiristaanonni hundumtuu ittiin

eebbifamani dha. Amantoonni hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamaa fi to’annoo isaa jala

jiraataa yoo deeman, Yasuus Kiristoos jireenya isaanii irraa mul’achuu jalqaba.

Namoota lafa kana irra jiraatan bakka sadiitti qoodnee yoo ilaalle:

i. Nama Hafuura Waaqayyoo of keessaa hin qabne (natural Man), --kan hin amanne

ii. Nama Hafuuraa (spiritual man) fi

iii. Nama yaada foonii duukaa bu’u (worldly /carnal).

Inni duraa kan hin amanne yoo ta’u inni lammaffaa kan jireenya isaa Kiristoosiif bichisiise fi

hafurrii Qulqulluun jireenya isaa to’ate dha. Ini sadaffaa immoo eenyummaa/ofummaa isaatuu

isa bitee jira. Nama hafuuraa ta’uu jechaan bittaa Hafuura qulqulluu isa nu keessa jiruu jala

6

otuu addaa hin kutin jiraachuu dha. Mee bal’inaan barumsa kana keessa galuu keenya dura,

waa’ee hafuura Qulqulluu salphifnee hubachuu haa yaallu.

Irra deebi’iitii Kutaa lamaan armaa olitti wa’ee Hafuura Qulqulluu keessatti argitee

dubbisi.(Yoh. 14:15-27; Yoh 16:5-15)

Eeenyummaa Hafuura Qulqulluu

Utuu Yasuus Kiristoosiin gooftaa jireenya kee godhattee hin fudhatin duraan kan jireenya kee

bitee ture ofummaa keeti. Yeroo itti Yasuus Kiristoosiin amantee fudhattee jalqabee immoo

Hafuurri qulqulluun si keessa jiraachuuf gara jireenya keetii dhufeera. Hafuurri Qulqulluun

jireenya moo’ichaa fi gammachuu akka jiraattu si dandeessisa. Waa’ee Hafuura Qulqulluu isa si

keessa jiruu kanaa Macaafni qulqulluun kan inni barsiisu:

Hafuurri Qulqulluun Waaqa/Waaqayyo dha (HoE 5:3-5)

Jireenya nama Yasuus Kiristoosiin Fayyisaa jireenya isaa godhee fudhate hundumaa keessa

jiraata (1Qor. 3:16; Rom.8:9)

Jireenya Kiristaanummaa Moo’icha qabu akka jiraannuuf human nuuf kenna(Gal.5:22; Rom

8:26)

Barsiisaa keenya dha (Yoh.14:26)

Dadhabbii keenyatti nu gargaara (Rom.8:26)

Warra kaaniif akka nuti dhugaa baanuuf human nuuf kenna (HoE.1:8)

Nama Hafuura Waaqayyoo of keessaa hin qabne (natural Man), --kan hin amanne

Nama Hafuuraa (Kiristaana Hafuura Qulqulluudhaan guutame)

Yeroo Yasuus Kiristoosiin fayyisaa jireenya keenyaa goonee fudhannu, Hafuurri Qulqulluun

gara jireenya keenyaa ni dhufa.

Rom 8:9 Dubbisi. Kutaan kun eenyu akka nu keessa jiraatu nutti himaa?

__________________________________________________________________

___________________

___________________________________________________________

Nuti Kan Kiristoos ta’uu keenya kan nuuf mirkaneessuu mal inni?

__________________________________________________________________

___________________

7

___________________________________________________________

Hafuura Qulqulluudhaan guutamuu jechuun feha keenyaan akka Yasuus kiristoos karaa hafuura

isaa isa nu keessa jiraatuu jireenya keenya guutummaatti bituuf kenuufii jechuu fha. Macaafni

Qulqulluun jireenya Hafuura Qulqulluudhaan guutame akka kanatti fufee jirutti ibsa.

Gal 5:22-23 Dubbisi. Wantoonni kutaa kana keessatti tarreeffaman maal maal fa’ii?

__________________________________________________________________

___________________

___________________________________________________________

Wantonni kun firii/naatija maaliitii?

__________________________________________________________________

___________________

___________________________________________________________

Yeroo jireenya keenya guutummaatti Yasuusiif bichisiisuu jalqabnu, jireenya keenya keessatti

jijjiirama namaajaaybsiisutu

ta’uu jalqaba. Isaan

keessaas,fedhiin Waaqayyoon

gammachiisuu, Macaafa

qulqulluudubbisuu, kadhachuu,

warra kaanitti waa’ee Fayyisuu

Kiristoos dhugaa bahuu,

akkasumas fedhiiwwan

Kiristoosii wajjin tokkummaa

uummachuu nu keessatti

guddachaa deemu. Guutummaatti hafuurri qulqulluun jireenya keenya duunfate jechuu fi

hafuura Qulqulluun guutamuu jechuun wal fakkaatoo dha.

Egaa namni hafuuraa, Jireenya isaa keessa Kiristoos jira. Jireenya isaa keessatti iddoo

olaantummaa kan qabates Kiristoos. Inni jireenya Kiristoosiisf abboomamamu qaba. human

Hafuurq Qulqulluu qaba. Namoota baraas gara Kiristoositti fida. Ni kadhata, beekumsa dubbii

isaatii ni qaba. Waaqayyotti ni amanita. Jireenya nama kanaa keessatti iji hafuuraa ni mul’ata.

Galatiyaa 5:22-23 dubbisi. Jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, garummaa, garraamummaa,

amanttii, gara laafina, of bituu. Haata’u iyyuu malee garuu isaan kun hundumtuu jireenya nama

hafuuraa kanaa keessatti ni mul’atu.

Nama yaada foonii duukaa bu’u (worldly /carnal).

Kirstaanni of jaallataan-- kan akka yaada fooniiatti jiraatu-- Waaqayyoon caalmaatti of

gammachiisuu filata. Inni nama yaada ofii isaa hordofee adeemu dha.

Mee 1 Qoro. 3: 1-3 dubbisi. Kutaan kun waa’ee amaloota nama akka yaada fooniitti deddeebi’uu

maal faa tarreessaa?

__________________________________________________________________

___________________

___________________________________________________________

8

Fakkoon kun jireenyi nama akka yaada fooniitti deddeebi’uu maal akka fakkaatu agarsiisa.

Jireenya namichakanaa keessa

Kiristoos jira. Haa ta’u iyyuu

malee jireenya isaa keessatti

iddoo ol’aanaa qabatee kan jiru

anummaa ofii isaa tii ti.

Gooftaan Yasuus jireenya isaa

akka ta’utti bitee gara yaada ofii

isaatti akka isa geessuuf isaaf

hin eeyyamne ykn haboo hin

laanneef. Gooftaan immoo jireenya namootaa, yoo isaan fedha isaaniitiin isaaf kennan

gargaaree gara yaada isaatti geessa. Inni garuu saamtiuu waan hin taaneef nama tokko illee hin

dirqisiisu.

Namni kun jireenya isaa irratti haboo guutuu waan gooftaadhaaf hin laatin jiruuf jecha,

Waaqayyoon hin amanatu, isaaf hin abboomamu, fedhii namoota biraa gara Kiristoositti fiduu

hin qabu, jireenyi kadhata isaa fi dubbii Waaqayyoo dubbisuu isaa dadhabaa dha. Yeroo hundaa

yaada cubbuutu isa keessa guutee argama.

Kan nama dhibu namichi/ttiin kun ofii isaa qofa otuu hin taane Waaqayyoon illee gammachiisu

ni fedha. Haa ta’u iyyuu malee garuu yeroo baay’ee hin danda’u. Mee

Rom. 7: 15 fi 18 dubbisi. Rakkoon namicha as keessa jiruu maal sitti fakkaataa?

__________________________________________________________________

___________________

___________________________________________________________

Rom.7:24 Dubbisi. Dhiphuu nii fi iyyatni nama kanaa maal inni?

__________________________________________________________________

___________________

___________________________________________________________

Amanaan akka yaada fooniitti deddeebi’u kun yeroo hundumaa jireenya mo’amuu jiraata malee

kan moo’ichaa fi kan gammachuu miti. Yeroo tokko tokko tasumaa akka Kiristaanaatti jiraachuu

fi ta’uu dadhaba. Amanaan akkasii kun egaa akkam yoo godhe nama hafuuraa—nama hafuurri

qulqulluun keessa guute-- ta’uu dandayaa? Gaaffii kanaaf deebii kennuu keenya dursinee

maalummaa nama hafuura Waaqayyoon guutamuu haa ilaallu.

Hafuura Qulqulluun guutamuu

Kiristoosiin kan nuti fudhanne AMANTII dhaan akkuma ta’e, Hafuura Qulqulluu illee kan nuti

fudhannu AMANRII dhumaani. Ammuma Hafuurri qulqulluun jireenya kee akka guutuu fi siin

toyatu godhuu ni dandeetta. Kun akka ta’uuf wantoonni sadii garuu barbaachisoo dha:

1. CUbbuu kee Waaqayyotti himadhu (1 Yoh. 1:9 dubbisi)

2. Guutummaa jireenya kee Waaqayyotti dabarsii kenni (Rom. 6:13 Dubbisi) Kutaan kun maal

akka

9

goonu nu gaafataa?

__________________________________________________________________

_____________

_________________________________________________________________

3. Waaqayyo Hafuura isaan akka si guutu amani. Yroo akkas gootu wantoonni lama

barbaachisoo

dha-- Abboommii fi abdii isaa.

a. Abboommii: Efes. 5:18 Dubbisi. Kutaan kun maal akka goonu nu abboomaa?

__________________________________________________________________

_____________

_________________________________________________________________

b. Abdii: 1 Yoh. 5: 14-15 Dubbisi. Kutaa kana keessatti kadhata keenya ilaalchisee Abdiin

nuuf kenname tokko jira. Maal inni?

__________________________________________________________________

_____________

_________________________________________________________________

Hafuuta Qulqulluun guutamuu keenya kan nuti beeknu amantii dhaani. Kadhannaan immoo

karaa itti amanii keenya hojiidhaan mul’ifnu keessaa tokko. Egaa Hafuura Qulqulluudhaan

guutamuu garaa kee irraa barbaaddee murteessiteetta taanaan mee akkas jedhii Waaqayyoon

kadhadhu.

“ Yaa Waaqayyo gooftaa, ammaa qabdee jireenya koo akka toyattun barbaada. Haga

ammaatti anumti jireenya koo bulchaa fi geggeessaa tureera. Amma garuu kun cubbuu ta’uu

isaa baree sitti kennachuu fedheen jira. Kanaafuu yerottii kanaa eegalee akka ati ana irrati

mootuu fi jireenya koo hafuura keetiin guutti sin kadhadha. Yakka koo kanaan duraa anaaf

dhiisuu keef sin galateeffadha. Amma sagalee keef nan abboomama. Hafuura qulqulluun akka

ana guuttuuf sin kadhadha. Inni dhufee jireenya koo keessa haa guutu. Gara yaadaa fi akeeka

keettis anaan haa geggeesu. Akka abdii sagalee kee keessa jiruutti Hafuura kee isa Qulqulluun

waan ana guutteef sin galateeffadha. Maqaa Gooftaa Yasuusiin. Ameen.”

Egaa kadhata kana qalbiitti qabattee irra deddebi’uu otuu hin taane onnee kee irraa fedha

madden Waaqayyoon gaafachuun kee Hafuura Qulqulluun akka guutamtu si godha. Akka

Hafuura Qulqulluun Guutamte Maaliin Beektaa?

Yeroo akka Waaqayyo Hafuura Qulqulluun si guutuuf kadhatte amantiidhaan ture? Akkas

taanaan Isaan guutamuu kee beektaa ree? Abdii sagalee Waaqayyoo keessatti siif kenname irra

dhaabattee guutamuu kee mirkaneeffachuu ni dadeessa. Kadhata kee kana kana ati godhatte

DHUGAA dubii Waaqayyoo irra dhaabattee ti. Dhugaan immoo yeroo hundaa dhugaa ta’ee

jiraata. Ati immoo dhugaa kana irra dhaabattee AMANTE. Amantiin dhugaa irra dhaabata. Isa

booda immoo MIIRRI dhuga.

Kana jechuun egaa Hafuura Waaqayyoon guutamuu keenya kan nuuf mirkaneessu dhugaa fi

Amantii malee jalqaba miira miti. Miirri wanta booda dhufu dha. Yroo nuti dhugaa Dubbii

Waaqayyoo amannee fudhannu, miirri keenya karaa sirrii hordofu. Egaa kan nuti amanannu

10

miira keenya otuu hin ta’in Waaqayyoo fi Dhugaa isa ta’e sagalee isaa ti.

Akkas jechuun kana booda Waa’ee Hafuura Qulqulluu hin kadhnnu jechuu dha? Waa’uu. Akka

Macaafni Qulqulluun jedhutti amanaan tokko yeroo hundumaa Hafuura Qulqulluun guutamuu

qaba. Kanaafuu itti fufiinsaan isa dheebochuun barbaachisaa dha.

Tarii erga Hafuurri Qulqulluun si guutee fi jireenya kee to’achuu jalqabee booda deebitee atumti

ofii keenya jireenya kee to’ataa yoo argite, jechuunis yoo cubbuutti kufte, abdii kutattee

achumaan ofirra gad hin taa’in. Fuula Waaqayyo duratti Qalbii diddiiradhu: Itti gaabbi,

Waaqayyotti himadhu, irraa deebi’uufis murteeffadhu. Hafuurri Qulqulluunis deebi’ee akka

jireenya kee bituuf isa kadhadhu. Akka Waaqayyo ammas jireenya kee Hafuura isaan guutuuf is

kadhadhu. (Efe.5:18). Abdii fi abboommii Efe. 5:18 fi 1

Yoh. 5:14-15 irratti kennaman irra deebi’ii yaadadhu.

Yeroodhuma itti hafuurri Qulqulluun jireenya cubbuu keessa jiraachuu keee sii mul’ise

hundaatti qalbii kee diddiiradhu. Yeroo akkas gootu jireenya gammachuu qabu jiraachuu

jalqabdaa. Akkasitti immoo Hafuurri Qulqulluun jireenya kee keessa yeroo hundumaa akka

guutu eeyyamtaaf. AKkasitii Gooftaa Yasuusiin yeroo mara iddoo ol’aanaa jireenya kee irratti

moosifattee jiraattaa. Kan jechuunis nama hafuura Waaqayyootiin geggeeffamu taatee jiraatta.

Ija hafuuraa godhachuu

Yeroo itti Hafuurri Qulqulluun jireenya kee dhaalu fi toyatu wantoonni armaa gaditti

tarreeffaman

jireenya kee irraa mul’achuu jalqabu:

1. Iji Hafuura Qulqulluu caalmaatti jireenya kee irraa mul’achaa adeemu (Gal.5:22-23)

2. Kadhatni kee bu’a qabeessa ta’aa adeema (Yaaq. 5:16)

3. Hubantiin ati Macaafa Qulqulluu irratti qabaachaa adeemtu ni dabala. (2 Xim.3:16)

4. Yeroo dhugaa baatutti humana Waaqayyoo argatta (HoE 1:8)

5. Qorumsaa fi cubbuu mo’achuuf human Waaqayyoo argatta (1 Qor. 10:13)

BARUMSA BU'UURA AMANTII KIRISTAANAA

K U T A A 4 : K I R I S T O O S I T T I G U D D A C H U U

Namni tokko Yeroo Gooftaa Yasuusitti amanu amantiidhaan karaa hafuuraa Waaqayyo irraa

dhalata. Waaqayyo irraa kan dhalate immoo kan kiristoosi. Jireenyi nuti Kiristoositti

amanuudhaan arganne kun immoo jireenya haaraa dha. Jireenya haaraa kana keessatti

guddachuun barbaachisaa dha.

1Phex 1:23 Dubbisi. Akka kuraan kun dubbatutti nuti maal taanee jirraa?

----------------------------------------------------------------------------------- --------- -------------------

----------------

---------------------------------------------------------------------------------------

2Phex.3:18 Dubbis. Kutaan kun immoo maal akka taanu nutti himaa?

-----------------------------------------------------------------------------------------------------------------

--------------

11

---------------------------------------------------------------------------------------

Yoh 1:12 Dubbisi. Akka kutaan kun nutti himutti nuti akkamitti ijoollee Waaqayyoo taanee?

-----------------------------------------------------------------------------------------------------------------

--------------

---------------------------------------------------------------------------------------

Nuti ijoollee Waaqayyoo waan taaneef, amma isa biraa waan nu barbaachisu hundumaa

argachuu ni dandeenya.

Egaa Kiristoositti amanuudhaan jireenya haaraa arganne, akkuma kana immoo isatti

amanuudhaan jireenya haaraa kana keessatti guddachuu dandeenya. Gla. 3:11 Dubbisi

Jireenyi hafuuraa ketii waan hundumaafuu Gooftaatti amanudhaan guddata. Guddinaaf Waan

sadiitu barbaachisa. Isaanisi:

1. Kadhannaa

Kadhannaan Waaqayyoo wajjin dubbachuu dha. Kadhannaa dhabuun kufaatiif nama saaxila.

Jireenyi kadhannaa jireenya Yeroo hudumaa Waaqayyotti amanatanii jiraachuu akka jiraannu

nu gargaara. Macaafni Qulqulluunis jireenya dhiphuu hin qabne jiraachuun akka nurra jiru nu

barsiisa. Kanaaf immoo karaan isaa karaa Kadhannaa ti. Amantoonni Kadhannaa keessaan

amantii shaakalu.

Filiphisiyoos 4:6 Kutaan kun maal akka goonu nu abbooma?

____________________________

__________________________________________________________________

____________

Waa’ee maaliifaa kadhachuu dandeenya?

___________________________________________

__________________________________________________________________

____________

2. Macaafa Qulqulluu qayyabachuu

Nani tokko qaama fayyaa qabaatee jiraachuuf nyaati wal qixxaataan barbaachisaa akkuma ta’ee

fi Mucaan dhalate tokko immoo guddachuuf nyaatni akka isa barbaachisu, Amanaan tokkos

jireenya amantii isaatti guddachuuf dubbii Waaqayyoo isa barbaachisa. Namni qaama isaatiif

nyaata hin arganne fayya buleessa ta’uu hin danda’u; akkasumas immoo jabina qabaachuu hin

danda’u. Dhukkubootaa fi balaa garagaraatiif saaxilamaa ta’a. Sagaleen Waaqayyoo (dubbiin

Macaafa Qulqulluu keessatti barreeffame) jireenya keenyaaf akka nyaataatti tajaajila.

Karaa Kadhannaa akkuma Waaqayyotti dubbanu, karaa sagalee isaa immoo Waaqayyo irraa

dhageenya. 2Ximo 3:16-17 Akka kutaan kun jedhutti dubbiin Waaqayyoo maaliif nu gargaara?

__________________________________________________________________

__________

Rom 10:17 dubbisi. Akka kutaan kun dubbatutti amantiin eessaa madda?

12

__________________________________________________________________

__________

HoE 17:11 Namoonni Beeriyaa yoom yoom sagalee Waaqayyoo qayyabataa turan? Nummoo

Yoom qayyabachuutu nuuf ta’a?

__________________________________________________________________

__________

3. Sagalee Waaqayyootiif Abboomamuu

Jireenya Kiristaanummaa keessatti itti fufiinsaan guddachuuf yeroo hundumaa jireenya

Waaqayyoof abboomamu qabaachuun barbaachisaa dha. Abboomamuu jechuun immoo isa

dhaga’an hojiitti geddaruu ilaallata malee dhaga’uu duwwaa miti.

Yaaqob 1:22 Kutaan kun maal akka goonu nu abbooma?

__________________________________________________________________

__________

Yoh.14:15,21 Dubbisi. Akka kutaan kunniin dubbatanitti Yasuusiif jaalala qabaachuu keenya

maaliin mul’ifna?

____________________________________________________________

Yaada Xumuraa

Barumsi kun walumaa galatti Waaqayyo maal akka nurraa barbaadu nu barsiisaa?

__________________________________________________________________

__________

Mee murtii tokko ofiif murteessi.

Ani har’aa kaasee yeroo hundumaa sa’atii _____ hanga ____ tti kadhannaa fi Macaafa

Qulqulluu dubbifachuuf ittan fayyadama.

Akka Yoh. 15:10 irraa dubbifnutti firiin fedha Waaqayyoo gochuu maali?

__________________________________________________________________

__________

Akka Filiphisiyuus 2:13 irraa dubbifnutti immoo Abboomamuuf humna eessaa Argannaa?

13

B A R U M S A B U ' U U R A A M A N T I I K I R I S T A A N A A

K U T A A 5 : S A G A L E E W A A Q A Y Y O T T I G U D D A C H U U

Seensa

Macaafni Qulqulluun sagalee Waaqayyo biraa namaaf darbe. Wanti isa keessa jiru hunduu nu

fayyaduuf caafame. Room 15:4 akka kutaa kanaatti sagaleen Waaqayyoo maaliif

barreeffamee?______________

Waaqayyo Karaa Macaafa Qulqulluu nutti dubbata. Amantiin Kiristaanaa caalaatti kan minyaa’aa

fi dinqisiisaa ta’aa adeemu hammuma dubbii isaa keessaan Waaqayyoon barree ta’a. Kanaafuu

mata duree kana jalatti Maaliif Macaafa Qulqulluu akka qayyabannu barra.

Sagalee Waaqayyoo

Waaqayyo nama uumee wajjin tokkummaa godhachuu barbaada. Utuu Yasuus hin dhalatin dura

namoota isaaf of kennanii fi warra filatetti dubbii isaa kennee, isaan immoo galmeessanii turan.

Kunis namaa wajjin tokkummaa uumuuf jecha.

Ibr.1:1 Dur karaa kamfaa dubbachaa tue?

Booda kana garuu Waaqayyo nama ta’ee dubbii isaa namatti hime. (Ibr.1:2). Yoh 1:1-2,14 wal bira

qabii dubbisi. Egaa lafa irra deddeebi’ee erga barsiisee booda itti fufees namoota isaaf of kennanii

fi isaan filateen sagalee jireenyaa Yasuus akka galmeessan godhe. Waaqayyoof abboomamuu fi

amanamuun namoota kanaa har’a sagaleen Waaqayyoo inni dhugaa ta’e akka nu bira gahu

godheera. Kanaafuu, Macaafni Ququlluun nuuf qajeelcha (guide) Waaqayyo isa waaqeffannaa

keenyaa fi tokkummaa keenya barbaadu biraa nuuf kenname.

Waaqayyoon dhaga’uu baruu

Macaafa Qulqulluun kitaabota namni hunduu dubbiisuu qabu dha. Namoonni baay’een akka itti

Waaqayyo karaa sagalee isaa dubbatu hin beekan. Firoomnii fi tokkummaan ati Waaqayyoo

wajjin qabdu kan hiikka godhatu yoo isa inni sitti himuu fedhu dhageessee fi hubatte qofa.

Akkamitti sagalee Waaqayyoo qayyabannaa?

1. Ilaalcha fayyaalessaa/qajeelaa fi sirrii ta’e qabaachufii

Kanaan dura ilaalchi nuti Macaafa Qulqulluuf qabnu sirrii fi qajeelaamiti yoo ta’e sirreeffachuutu

nurra jira. Kitaabicha akka kitaaba asoosamaa ykn kitaabuma salphaa tokko goonee fudhanna

yoo ta’e kun ilaalcha dogongoraa ti. Macaafni Qulqulluun kitaaba Sagaleen/yaadni Waaqayyo isa

guddaa keessatti galmaa’ee jiru dha. Isa keessaan Waaqayyodhuunfaatti jireenya keenyatti

dubbata. Kanaafuu akka Waaqayyo isa keessaan nutti dubbatu hawwaa fi kadhataa itti

dhiyaachuun nurra jiraata. Dhageeffachuu fedhuunii fi Akka Isa dhaga’uu dandeenyuuf

Waaqayyomti ofii isaa akka nu gargaaru jireenya kadhataa qabaachuun barbaachisaa dha.

2. Qophii

Macaafa qulqulluu qayyabachuuf qophiin yeroo, iddoo, haalaa naannoo akkasumas yaadaa

14

barbaachisaa dha. Fkn. Otuu yaadni keenya wantoota gargaraatti qabamee jiruu qayyabachuun

bu’a qabeessa ta’uu nu dhowwa. Kanaafuu yeroo gabaabaa fudhannee yaada keenya dubbii

Waaqayyootiif kadhannaadhaan qopheessuun barbaachisaa dha. Yeroo fi baaka qayyabachuuf

nuuf mijatu filachuunis nu gargaara. Kana boodas kutaa qayyabannu filachuu fi isa irratti

xiyyefachuutu nurra jira.

3. Tooftaa qayyabannaatti fayyadamuu

Qayyabannaa bu’a qabeessa ta’e qayyabachuuf xuqaalee muraasa yaada keessatti qabachuun si

barbaachisantu jiru. Isaanis:

a. Dursiitii kutaa kutaa/macaafa qayyabattu filadhu.

b. Kutaa saba irra deddeebi’ii dubbisi. Kanas hamma yaadni dubbisichaa siif galutti dubbisi.

c. Wantoonni/jechoonni/gaaleewwan siif hin galle adda baasii yaadannoo kee irratti barreessi.

d. Yoo siif danda’ame hiikaa fi afaanota garagaraatti fayyadamii dubbisi. Kunis gaaffileen ati

kanaa olitti barreeffate akka siif deebi’aniif si gargaara. [Akkasumas kutaan ati qayyabattu

gabaabaa yoo ta’e,] yaada isa keessa jiru akka siif galetti yaadannoo kee irratti barreessi.

e. Dubbisa duraa fi duuba kutaa irratti qayyabataa jirtu sanaa dubbisi.

f. Waa’ee kutaa qayyabattu kanaa odeeffannoo argatti yaadannoo kee irratti barreessi.

Odeeffannoo kan jennu kunis:

i. Kutaa kana keessatti maaltu ta’e/dubbatame?

ii. Eenyu dubbate/hojjete/qooda fudhate?

iii. Maaliif ?

iv. Eessattii fi yoom/yeroo akkamii? [Yeroon qoodama guyyaa tokko keessa jiru qofa otuu hin

ta’in haala qabatamaa gochi sun keessatti ta’aa jiru illee ittin hubachuuf nu gargaara].

v. Ergaan kutaan kun dabarsu maal ture [dhaggeeffattoota warra duraatiif]

g. Jireenya ofiitti firoomsuu. Yeroo Macaafa Qulqulluu dubbifannu ergaa sirrii isa kutaan sun

namoota dura ergicha fudhatanitti dubbatu erga barree hubannee booda har’aa ergaan sun

hiikkaa akkamii nuuf akka qabu gaafachuun gara Waaqayyoon dhaggeeffachuutti nu geessa.

Sagalee isaa keessaan waan Waaqayyo nutti dubbatu kan dhageenyu yeroo Isa dubbifanne

jireenya keenyatti firoomsuu jalqabnu dha. Akkaataa itti sagaleen nuti qayyabanne jireenya

keenyaan walitti firoomuu danda’u adda baafachuf gaaffi kanaa gaditti tarreeffan keessaa kan

kutaa sanatti qabatee jiru deebisuu dhaan ta’a.

i. Abboommii ani Kutaa kana keessaa fudhadhu jiraa?

ii. Kutaan kun Abdii maalii naaf laata?

iii. Wanti ani itti qalbii diiddiirachuu qabu jiraa?

iv. Fakkenyi ani hordofuu qabuu hoo jira?

v. Jijjiirama ilaalchaa ani kutaa kana irraa baree gochuu qabu jira?

Gilgaala: Mee Macaafa Qulqulluu keessaa tartiiba qayyabannaa armaa olitti kennaman hordofiitii

Luuqaas 15:1-10 qayyabadhu. Waan barte maras yaadannoo kee irratti qabdhuutii hiriyaa/gartuu

keetiif hiri.

15

BARUMSA BU'UURA AMANTII KIRISTAANAA

K u t a a 6 : K a d h a n n a a t t i G u d d a c h u u

Seensa

Kadhannaa Waaqayyoo wajjin dudubbachuu dha. Kiristaanummaan walitti dhufeenya namni

tokko Waaqayyoo wajjin qabu irratti kan hundaa’u dha. Kiristaanni kamuu Waaqayyoo wajjin

walitti dhufeenya dhuunfaa keessa nama gale dha. Jireenya Kiristaanummaa fiixaan bahumsa

qabu yoo barbaanne, Waaqayyoo wajjin dudubbachuu shaakaluun dirqama nutti ta’a. karaa

Kadhannaa Eebba Yasuus Kiristoosiin nuuf kenname hundumaa Waaqayyo harkaa fudhachuu

ni dandeenya.

Kadhannaan maaliif barbaachisa?

Jireenya hafuuraawaa fayya buleessaa fi jabaataa ta’e qabaachuu barbaanna yoo ta’e jireenyi

Kadhannaa baay’ee barbaachisaa dha. Sababni isaa Waaqayyo isa Waaqarra jiraatuu wajjin kan

nuti haasa’uu dandeenyu karaa kadhannaa qofa waan ta’eef.

Karaa tokkumma Waaqayyoo wajjin qabaannuu wanta jireenyaaf nu barbaachisu hundaa

fudhachuu dandeenya—Jaalala abbaa keenya biraa, Isa faradu harkaa dhiifamuu cubbuu

keenyaa, Jajjabeessaa keenya biraa gadda qabnuuf jajjabina, Madda aangoo keenyaa biraa

dadhabbii keenyaaf humana, Geggeessaa keenya biraa qajeelfama, Gorsaa keenya biraa gorsa

fudhachuu dandeenya. Namni Waaqayyoo wajjin jireenya dudubbachuu fi isaaf immoo

abboomamuu qabu yeroo mara jireenya moo’ichaa jiraata. Nus har’a jireenya irraa hafaa fi firi-

qabeessa jiraachuu yoo barbaanne, Waaqayyoo wajjin dudubbachuu barachuutu nuuf ta’a.

Kadhannaan maal faa of keessaa qabaa?

Kadhannaan Waaqayyoo wajjin dudubbachuu erga ta’ee, yeroo isaa wajjin haasofnu maal faa

keessa galchuutu nurra jiraa? Wantoonni kadhata keenya keessa galfaman: jajannaa, galata,

himata (cubuu ofii), kadhataa fi Waammata (warra kaaniif godhamu) ta’u.

1. Kdhata jajannaa (Waaqeffannaa)

Kun kadhata keessatti eenyummaa fi Waaqummaa Waaqayyootiif isa jajannu dha. Ijoollee isaa

waan taaneef, waa’ee jaalala isaa, humana isaa, araara isaa, Obsa isaa, qulqullummaa isaa, kkf.

Yaadannee isa jajachuutu nuuf ta’a.

Faar. 95: 6 Dubbisi. Luqqisiin kun maal akka goonu nutti himaa?

__________________________________________________________________

___________________

__________________________________________________________________

________________

Faar.95: 7 Dubbisi. Akka kutaan kun nutti himutti immoo kan nuti Waaqayyoon jajannu

maaliif?

__________________________________________________________________

___________________

__________________________________________________________________

16

________________

Faar. 135: 3 Dubbisi. Akka kutaan kun nutti himutti kan nuti Waaqayyoon jajannu maaliif?

__________________________________________________________________

___________________

__________________________________________________________________

________________

1 Seenaa Baraa 29: 11-12 Dubbisi. Luqqisiin kun waa’ee amala Waaqayyoo maal faa nutti himaa?

__________________________________________________________________

___________________

__________________________________________________________________

________________

Mee yeroo muraasa fudhadhuutii Waaqayyoon jajannaadhaan Waaqeffadhu. Jajannaa kee kana

keessatti Waaqayyoof maaliif akka isa jajattu ibsiif. Jechoota 1 Seenaa Baraa 29: 11-12 keessatti

tarreeffaman yaadachaa ilaalcha isaaf qabdu Waaqayyoof ibsi.

2. Kadhata Galataa

Galatni wantoota baay’ee Waaqayyo nuuf godhe, waa’ee wantoota nuuf ta’anii, waa’ee wantoota

nurra gahuuf turanii inni garuu nu oolchee yaadataa isa nuti ittiin Waaqayyoon oolmaa isaa

dubbanu dha.

Faar. 103: 1-5 dubbisi. Kutaa kana keessatti Daawwit maaliif faarfataa?

__________________________________________________________________

___________________

__________________________________________________________________

_______________

1Tesel. 5:18 Dubbisi. Maaliif Waaqayyoon galateeffannaa?

__________________________________________________________________

___________________

__________________________________________________________________

________________

Rom.8:28 Dubbisi. Maaliif Waaqayyoon waa’ee waan hundumaatiif galateeffachuun nuuf ta’a?

__________________________________________________________________

___________________

__________________________________________________________________

________________

Mee wantoota irra Waaqayyoon galateeffachuun sirra jiru keessaa muraasa kanaa gaditti

tarreessii irratti galateeffadhu.

__________________________________________________________________

___________________

__________________________________________________________________

17

________________

__________________________________________________________________

___________________

__________________________________________________________________

________________

3. Kadhata Himataa (cubbuu himannaa)

Kadhatni cubbuu himannaa wantoota Waaqayyo itti hin gammannee yeroo yaadnu, dubbannu,

ykn goonu cubbuu keenya isatti himachuudhaan kadhata nuti ittiin dhiifamuu cubbuu harkaa

fudhannu dha.

Faar. 66:18 Dubbisi. Cubbuu nuti hin himatin garaa keenya keessa yoo jiraate maaltu ta’a?

__________________________________________________________________

___________________

__________________________________________________________________

________________

1Yoh. 1:9 Dubbisi. Yeroo cubbuu keenya himannu maaltu ta’a?

__________________________________________________________________

___________________

__________________________________________________________________

________________

Kadhatni cubbuu himachuu wantoota sadii of keessaa qaba:

a. Wanta Waaqayyo “cubbuudha” nuun jedhu, nus “sirriidha cubbuu dha” jennee itti waliif

galuu.

b. Isa Kiristoos fannoo irratti gatii/beenyaa cubbuu keenyaa nuuf baasee fi Isa Waaqayyos nuuf

araaramuuf galateeffachuu

c. HOjii hamaa jalqabne dhiifnee kallattii jijjiirachuudhaan qalbii ofii jijjiirrachuu dha.

Amma immoo yeroo xiqqoo ishii fudhadhuutii Waaqayyo wanta jireenya kee keessatti itti hin

gammanne akka sitti agarsiisuuf gaafadhu. Isaaniinis dhuunfaa (qofaa keetti) tarreessii

barreessi. Isa booda tokkoon tokkoon isaanii Waaqayyotti himadhu. Yeroo himattus Sagalee

Abdii isa 1Yoh. 1:9 irratti barreeffame yaadadhu. Akka kutaa kanaattis dhiifama Waaqayyoon

gaafadhu. Dhiifamuu cubbuu kee akka argatte amaniitii waraqaa irratti tarreesitee barreesite

sana cicciri.

Faar. 32: 1-2 Dubbisi. Kutaa kana keessatti “Gammachuu qaba” kan jedhame eenyu?

__________________________________________________________________

___________________

__________________________________________________________________

________________

4. Kadhata Kadhannaa

Kun immoo waa’ee wantoota nu barbaachisanii Waaqayyotti himannee akka inni nuuf

kennu/godhu gaafachuu dha.

Maat. 7:7 Dubbisi. Kutaa kana keessatti maal akka goonutu dubbatame?

18

__________________________________________________________________

___________________

__________________________________________________________________

________________

Yeroo kadhnnu maaltu ta’a?

__________________________________________________________________

___________________

__________________________________________________________________

________________

Yaaq. 4:2 Dubbisi. Wanti nuti kadhannu hundinuu garuu nuuf deebi’a jechuu miti. Akka kutaan

kun dubbatutti kadhani nuuf hin deebine jiru. Sababa maaliitiif?

__________________________________________________________________

___________________

__________________________________________________________________

________________

Egaa ammaa booda yeroo kadhattu dhimmoota ifaa ta’an irratti kadhachuu shaakali. Ammuma

yeroo muraasa fudhadhuutii wantoota akka Waaqayyo siif godhu barbaaddu tarreesii barreesi.

Yeroo siif deebi’u immoo guyyaa inni itti siif deebi’e barrii isa irratti galateeffadhu.

5. Kadhata waammataa (warra kaaniif)

Kadhatni kun waa’ee warra kaaniif kadhachuu dha. Innis wanta warra kaan barbaachisuuf

kadhata keenya keessatti Waaqayyoon gaafachuu dha. Kanas maqaa isaanii dhahaa, wanta isaan

barbaachisus maqaa dhahaa Waaqayyoon waa’ee isaaniitiif gaafachuu dha.

Kuni waa’ee maatii keenyaa, waa’ee hiriyoota keenyaa, waa’ee olloota keenyaa, waa’ee biyya

keenyaa, waa’ee namoota nuti beeknuu, waa’ee namoota rakkoo garagaraa keessa jiranii, waa’ee

biyyoota rakkoo keessa jiranii, waa’ee waldaa Kiristaanaa, waa’ee tajaajiltootaa ,kkf ta’uu ni

danda.

Yaaq. 5:16 Dubbisi. Kutaan kun inni tokko waa’ee isa kaanii maal akka godhu ajajaa?

__________________________________________________________________

___________________

__________________________________________________________________

________________

Efe.6:20 Dubbisi. Phaawuloos waa’ee isaatiif maal akka godhamu gaafate?

__________________________________________________________________

___________________

__________________________________________________________________

________________

Filip. 1:3-5 DUbbisi. Kutaa kana keessatti Phaawuloos waa’ee warra kaanii maal otuu godhuu

arginaa?

__________________________________________________________________

___________________

__________________________________________________________________

19

________________

Seer-bu’uuraalee Kadhannaa (priniciples of prayer)

1. Utuu addaan hin kutin kadhachuu (Daan. 6:10; Rom.12:12; Luuq. 5:16). Nama tokkoo wajjin

sirriitti waliigaluuf yoo barbaannee isaa wajjin dudubbachuun barbaachisaa dha. Fkn. Abbaan

mana turban keessatti guyyaa tokko daqiiqaa kudhaniif qofa otuu inni wajjin haasa’ee ykn yeroo

rakkinni ta’e mana isaanii keessatti uumame qofa otuu wajjin haasa’ee itti ni gammaddii?

Waaqayyos gaafa hundumaa akka isaa wajjin haasofnuu fi mar’annu barbaada.

2. Yeroo kadhataa dhuunfaa qabaachuu (Maat.6:5-6)

3. Kadhata salphaa isaa garuu dhugaadhaan ta’e—Dheeressineef nuuf dhaga’ama miti. Callisanii

irra deddeebi’aa ooluus miti. (Maat.6:7-8)

4. Cimsanii kadhachuu/Amantiin (Luuq. 11:5-13; 18:1-7;Uuma.32:26;)— Maarq.11:24.

Gaafachuu==>Amanuu==>Fudhachuu==>kana ofii godhachuu.

5. Kadhata Humna of keessaa qabu (Maarq9:22;

6. Kadhata akka jaalala Waaqayyootti ta’e (Luuq.22:42;

B A R U M S A B U ' U U R A A M A N T I I K I R I S T A A N A A

K U T A A 7 : A m a n t i i ( F a i t h )

Amantiin: waan tokko, nama tokko, ykn of irratti abdii godhachuu agarsiisa. Amantiin keenya waan

baay’ee irra ta’uu danda’a. Fakkeenyaaf:

a. Ofii keenya irratti.

Amantiin keenya ofii keenya irratti ta’uu hin qabu 2Qor.1:9“…Waaqayyo isa du’aa kaasu malee ofii

keenya akka hin amananneef kun ta’e” Filp.3:3

b. namootaa fi haalota irratti

Namootattis ta’ee haalotatti amanachuunis akka dubbiin Waaqayyoo jedhutti sirrii miti. Ermi.17:5-6…

nama kan amanatu, Foon qabeessas hirree isaa kan godhatu abaatamaa dha…

Ermi. 9:23—ogeessi ogummaa isaatiin of hin jajin, jabaanis jabina isaatiin, badhaadhanis

badhaadhummaa isaatiin

c. Waaqayyo irratti

Waaqayyoon amanachuun sirrii fi barbaachisaa dha.

Ermi. 17:7-8—Namni Waaqayyoon amanatu eebbifamaadha

Ermi 9:24—Kan of jaju…ani Waaqayyo akkan ta’e beekuu isaatiin of haa jaju.

Egaa barumsa kana keessatti kan nuti xiyyeeffannoo itti kenninu waa’ee Waaqayyoon amanachuu fi

amantii Waaqayyo irratti qabaachuu qabnuu ti.

1. Amantii( Waaqayyotti amanachuu) jechuun maal jechuu dha?

Amantiin sagalee abdii Waaqayyo kenne, Gochuu ni danda’a; in godhas jechuu dha . Ibr.11:1—‘Amantiin

waan abdatan “Dhuguma in ta’a” jedhanii fudhachuu dha; waan ijaan hin argines akka waan arganiitti

“jira” jedhanii lakkaa’uu dha.’

Rom 4:18-22— “…Waaqayyo abdii kennee akka inni godhu waan hubateef..”

Luqqisiiwwan kunniin irraa kan nuti barru, Amantii dura sagaleen abdii Waaqayyo kenne jiraachuu

isaa ti. Amantiin kan inni dhaabachuu danda’u sagalee abdii Waaqayyo kenne irratti qofa. Hawwaa fi

abjuu ofii keenyaa ofuma keessaa maddisiifnee kana Waaqayyo nuuf raawwata yoo jenne, garuu

20

wantichi immoo abdii Waaqayyo kenne miti yoo ta’e nuuf hin ta’u. Egaa gabaabaadhumatti, amantii

dura sagaleen abdii inni Waaqayyo kenne jiraachuu mala.

Namni abdii qabu tokko “ni ta’a” jedhee yemmuu dubbatu namni amanu tokko immoo “ta’eera” jedhee

dubbata. Amantiin waan adatan “dhuguma in ta’a” jedhanii fudhachuu dha. Waan kadhattan hunumaa

akka argattanitti amanaa! Maarq.11:24.

Amantiin sagalee abdii Waaqayyo kenne irra dhaabatee, ‘inni ani Kadhadhe in ta’a” jedha Abrihaamis

kan inni godhe isuma kana ture. “Abdii Waaqayyo isaaf kenne hin mamne…” Rom.4: 20-21

2. Amantii Kiristaanummaa keessatti bakka amantii qabaachuu qabu

2.1.1. Amantii malee Waaqayyoon gammachiisuun hin danda’amu—Ibr.11:6

Amanaan amantii dadhabaa qabu Waaqayyoon gammachiisuu hin danda’u.Kana jechuun garuu

Waaqayyo isa hin jaallatu jechuu miti.Waaqayyo nama hundumaa jaalala Waaqummaa isaatiin

walqixatti jaallata; garuu immoo ijoollee isaa hundaatti waluma qixa gammada jechuu miti. Akkuma

Abrihaam warra sagalee abdii isaatii hin mamne/shakkinetti immoo in gammada.

2.1.2. Amantii Malee biyya lafaa Mo’uun hin danda’amu

‘Namni Waaqayyottii dhalate hundinuu biyya lafaa ni mo’a. Biyya lafaa kan mo’u immoo amantii

keessani’ 1Yoh 5:4

2.1.3. Amantiin gaachana dha

Amantii malee lola diinaa( ammeesuu isaa fi gowoomsaa isaa) dura dhaabachuu fi tiin mormuu hin

dandeenyu.

• ‘Hiddaa diinaa dhaamsuu akka dandeessanii gaachana amanii ol kaasaa.’ Eph.6:16

• “Amajaajiin keessan seexanni akka leenca waan liqimsu barbaaduutti isin naanna’ee aada,

…jabaattanii amantiidhaan ittiin mormaa “ 1Pet. 5:8-9

2.1.4. Jireenya hafuuraa keenyatti jabaannee kan nuti dhaabachuu dandeenyu amantii dhaani.

2Qor.1:24

2.1.5. Tolaan Amantiidhaan jiraata

Ambaaqom 2:4; Ibr.10:38; Rom.1:17; Gal.3:11

2.1.6. Waan goonu hundumaa amantiidhaan gochuu qabna. “Wanti amantii malee ta’u martinuu

cubbuu dha” Rom.14:23

2.1.7. Amantiin harka ittiin Waaqayyo harkaa waa fudhannu dha. Amantiin kee si

fayyiseera…Maat.9:22,29,--Nama amanuuf wanti hundumtuu ni danda’ama Maarq.9:23

2.1.8. Kadhatni nuti amantii malee goonu nuuf hin deebi’u. Utuu hin mamin haa kadhatu-Yaaq.1:6-8

Waan kadhattan akka argattanitti amanaa—Maarq 11:24

3. Sadarkaalee amantii

21

Waaqayyoon amanuun sadarkaa garagaraa qaba.

3.1. Amantii hin fayyifne

Jiraachuu Waaqayyoo amanuu qofti nama hin fayyisu. Waaqayyo tokko akka ta’e ati in amanta;

Seexannis immoo in amana in rom’aafis. Yaaq.2:19

3.2. Amantii Fayyisu

- Amantiin ittii jireenya bara baraa (fayyina) arganne amantii Fayyisu jedhama. “Ayyaanaan karaa

amantii Fayyifamtaniittu” Efe.2:8

- Yasuus Gooftaa akka ta’e afaan keetiin yoo dhugaa baate, Waaqayyos du’aa akka isa kaase garaa keetti

yoo amante in fayyita” Rom.10:9

- Amantii ittiin fayyina arganne kana kan nuuf kenne Waaqayyom mataa isaa ti.

- Sagalee Wangeelaa dhageenyee garaa keenya gara Waaqayyootti yemmuu deebifnu Waaqayyo ija

amantii tokkoon tokkoon keenyaaf kenna!

Rom.12:3 Namni hundumtuu safara Amantii Waaqayyo isaaf kenneen akka yaadu malee isa yaaduun

isaaf ta’u caalchisee of tuulummaadhaan akka hin yaadne ..

- Amantiin Waaqayyo nu keessa kaa’e kun kunuunfamee guddifamuutu irra jira.

3.3. Amantii xinnoo ykn hir’uu

Amantii hir’uun Gooftaa hin gammachiisu? Gooftaan waa’ee kanaatiif in dheekkama /ifata.

- Maat. 6:30 “ Waaqayyo isa har’a jiraatee bor immoo ibiddatti naqamu… akkas godhe erga uwwisee,

Isin amantii hir’uu nana isiniif immoo akkamitti kana caalaa hin godhu ree?”

- Maat. 8:26 Isin amantii hir’uu nana! Maaliif sodaattuu?

- Maarq. 4:20 Kan isin akkanatti sodaattaniif maliifii? Amantii hir’uu nana?

- Maat.14:31 Pheexiroosiin hiixatee qabee, Amntii hir’uu nana maaliif mamtee? jedheen

3.4. Amantii guddaa

Namootni amantii guutuu qaban Gooftaa in gammachiisu. Waan isa biraa kadhatanis hin dhaban.

- Maat. 15:28 Amantiin kee guddaadha akkuma ati feete siif haa ta’u

- Maat 8:10 Dhuguman isiniin jedha Isiraa’el keessatti illee amantii guddaa akkasii hin arganne.

• Gooftaan amantii namicha kanaa in ajjaayibsiifate. Akkuma kana immoo irddoo biraatti Yasuus

amantii dhabuu namootaa yeroo inni dinqisiifatu argina (Maarq6:6)

- Keenya hoo maal fakkaata? Gooftaan Amntii dhabuu keenya moo amantii guddaa qabaachuu

keenyatti diqisiifata laata?

3.5. Amamntii of tuulummaa hin qabne

Namoonni baay’een Waaqayyoon gammachiisuuf abboommii eeguutu fala jedhu. 1Xim.1:5

“abboommiin garuu garaa qulqullaa’aa fi … amantii of tuulummaa hin qabne keessaa jaalala bahuun

raawwata.

- Kin immoo qulqullummaa(quality) amantii agarsiisa—

- Duraan dursinee kan xiyyeeffachuu qabnu qulqullummaa amantii keenyaatti malee jabinaa isaatti

miti. Amantiin guddaan oftuulummaan keessa jiru caalmaatti ishee xiqqoo qulqulluu taate yoo

qabaanne wayya.

- Hundumaa caalaa garuu amantii qulqulluu fi guddaatu Waaqayyoon gammachiisa.

- Amantiin keenya kan qulqullaa’u immoo jaalalaan yemmuu qabamu. Gala.

22

“Yasuus Kiristoos keessatti ta’ee, Amantii jalalaan hojjetu…”

4. Amantiin eessaa dhufa?

Amantiin kan burqu Dubbii Waaqayyoo keessaati. Rom. 10:17—“ Amntiin dhaga’uu irraa dhufa; Wanti

dhaga’uun ta’u immoo dubbii Waaqayyo tiin beekama.”

• Yohaannis cuuphaan, Yasuus Kiristoos “Hoolaa cubbuu biyya lafaa balleesssu” jedhee Yoh. 1:29

• Erga dhugaa bahee booda, mana adabaa galee… Yasuus Masihicha ta’uu isaa shake Maat.11:2-6 “Kan

dhufu simoo kan biraa eeggannu?”

• Yasuus garuu deebii inni kenneef, Ana” ykn “na miti” otuu hin ta’in, “… sagalee amantii isaa

jajjabeessu itti dubbate”

o Jireenya keenya keessatti amantiin ittiin fayyina arganne gara laphee keenyaa kan dhufe yeroo dubbii

Wangeelaa dhageenye dha. “Kan nuti lammaffaa dhalannes subbii Waaqayyoo isa hin banneeni.

5. Amantiin akkamitti guddata?

Amantiin nu keessa jiru guddachuu qabu. Kan inni guddachuu danda’u immoo:

5.1. Gootuu dubbiichaa ta’uun

Yaaq. 1:22 Amaniin keenya guddachaa kan deemu yeroo amntii keenya hojiirra oolachaa adeemnu dha.

Dubbii Waaqayyoo isa nan amana jennu hojjiitti jijjiiruutu nurra jira.

5.2. Hammuma dubbii Waaqayyoo sooramne

- Namummaan keenya guddachuuf nyaata akka nu barbaachisu, jireenyi hafuuraa ( amantiin) keenyas

guddachuuf aannan dubbii isaatii barbaachisa. 1Phex. 2:1-2; 1Qor.3:1-2

- Amantiin jalqabaaf nu keessatti dhalachuudhaaf dubbiin Waaqayyoo akka isa barbaachise hundumaa,

guddachuufis sagalichi baay’ee barbaachisa.

5.3. sammuu /Yaada garaa qullaa’aa qabaachuu dhaan 1Xim. 1:19

- Qalbii gaarii yemmuu jennu, qalbii hin hammeeffamne fi hin xuroofne jechuu keenya.

- Waaqayyoonis ta’ee nama kamuu dura yemmuu dhaabannu, qalbiin keenya waa’ee waan tokkoof

iyyuu kan nu hin ceephaane yoo ta’e, qalbii nagaa qabna jechuudha.

- Phaawuloos isa kana qabaachuuf akka dhama’u dubbateera HoE 24:16

- Yoo Yaada garaa qullaa’aa hin qabaanne Waaqayyoon waaqeffachuun nu rakkisa. Isa irraa furamuuf

garuu Dhiigni Gooftaakeenyaa fi fayyisaa keeenyaa Yasuus Kiristoos furmaata dha. Ibr. 9:14; 1Yoh.1:7

- Yaadi garaa qullaa’aan geggeessaa fieegduu amantii ti. Qalbii nagaa hin qabnu yoo ta’e amniin keenya

diigamaa fi jeeqamaa dheema.

6. Amantiin akkamitti mul’ifamaa?

- Hojiidhaan Yaaq.2:14-26 Amantiin dhugaan amantii hojiidhaan mul’ifamu dha. Amantiin hojiin hin

mul’anne yoo jiraate inni amnitii afaanii ti.

Namni tokko otuu orii omaa of harkaa hin qabaatin ani sooressa jedhee waan dhaadateef sooressa akka

hin taane, Namni ‘ani amanitii qaba’ jedhu garuu hojiin hin agarsiifnes sila dubbateef qaba jedhuu miti.

Fkn. Namni tokko Sagalee eegumsa Waaqayyoo isa “ inni si eegu hin rafu hin dagatus” isa jedhu nan

amana jedhaa, halkan guutuu garuu dhiphachaa fi sodaataa yoo bule, amantiin isaa sirrii miti. Amantii

isaa hojiin waan hin agarsiisiniif!

7. Diinota amantii

23

7.1. Sodaa

Sodaa fi Amantiin akkuma ifaa fi dukkanaa ti. Iddoo inni tokko jiru inni kaan jiraachuu hin danda’u.

Sodaa nuti qabaachuu qabnu jira Sodaan sirriin kun Waaqaayyoon sodaachuu yemmuu ta’u innis sodaa

qulqulluu dha. Inni immoo ogummaa isa jalqabaa ti. Fakke 1:7 “ Jalqabni ogummaa Waaqayyoon

sodaachuu dha” Sodaan akkanaa kun wantoota hamaa, of tuulummaa fi ija-jabina hin barbaachifne

irraa nu ittisu. Rom. “sodaadhu malee waan oftuulummaa hin yaadin” jedha.

Akkuma sodaan gaariin jiru, sodaan diina amantii ta’es ni jira. Sodaan inni kun garuu isa Waaqayyo

biraa ta’e otuu hin taane diina keenya Seexana biraa ti. 2Xim.1:7 “ Waaqayyo hafuura sodaa nuuf hin

laatne….”kedha.

Sodaan akkasii kun jireenya keenya irratti hidhaa fida. Fakka 29:25 “ Nama sodaachuun kiyyootti nama

geessa”

Amantiin kan inni dhufu Dubbii Waaqayyoo dhaga’uu dhaani. Sodaan immoo hammumma sana

sagalee seexanaa dhag’uu dhaani. Hammuma gurra keenya seexanaaf laatne sodaadhaan guutamaa

deemna. Gurra keenya yoo sagalee Waaqayyoof laanne immoo hammuma sana amantiidhaan

guutamaa deemna.

Maarq.5: 21-43 guutummaatti dubbisi. Achitti Yasuus Yaayiroosiin “ Amani duwwaa malee hin

sodaatin” jedheen lk36. Jireenya keenya keessattis al tokko tokko seexanni duhima (mardoo) garagaraa

fidee amantii keenya dadhabsiisuuf yaala. Nuti garuu dhaga’uun kan nurra jiru isa Gooftaan “Amani

malee hin sodaatin” jedhu qofa ta’uu mala.

Kan sodaachuun nurra hin jirreef waan Waaqayyo nuu wajjin jiruufi.

o Far. 23:4 “ Ati ana wajjin jirta hoo ani hamaan anarra gaha jedhee hin sodaadhu”

o Iyasu 1:9 “ Waaqayyo waaqni kee gara ati itti adeemtu hindumaatti sii wajjin jitra tii hin sodaatin..

hin nahinis”

o Uma.15:1 “Yaa Abriham hin sodaatin ani siif gaachana keetii”

7.2. Mamii

Mamii/shakkiin diina amantii isa biraa dha. Mamii jechuun waa’ee waan tokkoo garaan/yaadni keenya

yeroo lamatti hiramu jechuu dha. Mamuun yaada lama gidduu galuu dha.

Otuu mamiin jireenya keenya keessa jiruu amantiin nu keessatti hojjechuu hin danda’u o Yaaqo. 1:6-8 “

wanuma tokkottuu otuu hin mamin haa kadhatu..namni mamu Waaqayyo biraa homaa waan argatu itti

hin fakkaatin”

o Maat. 14:30-31 Pheexiroos amantiidhaan bishaan irra deemuu erga jalqabee booda, garaa isaa

keessatti mamiin uumamuu yemmuu jalqabu liqinfamuu jalqabe. Yeroo inni gara gooftaatti “Na oolchi”

jedhee iyyatetti gooftaan harka qabee “ati amantii hir’uu nana maaliif mamtee?” jedheen. Mamuun nu

liqinsiisa, amantiin immoo irra nu deemsisa.

o Rom. 4: 21 Abriham amantiitti jabaate malee sagalee abdii Waaqayyo kenne hin mamne

7.3. Amanuu dhabuu

Amanuu dhabuun sagalee Waaqayyoo isa bara baraa jiraatu amanuu caalmaatti qaamolee miiraa

keenya amanuu dha. ( arguu, dhaga’uu, suunfachuu/fuunfuachuu, qaqqabachuu fi dhandhamuu)

o Yoh. 20:25 Toomas yoon arge malee hin amanu jedhe. Inni caalmaatti kan inni amanu, isa Yasuus

otuu hin du’in dura ittti dubbate otuu hin taane qaamolee miiraa isaa ture- arguu fi qaqqabachuu.

24

o Yasuus garuu booda akkas jedheen, “kan amante ta’I malee kan hin amananne hin ta’in. Ati waan

argiteef amante, warri otuu hin argin amanan galateeffamoo dha. Yoh. 20:27-29

Amanuu dhabuun jireenya keenya keessattis ta’ee, tokkummaa keenya keessatti akka Waaqayyo hin

hojjenne godha.

o Maat. 13: 58 Amanuu dhabuu isaanii irraa kan ka’e achitti dinqiiwwan garagaaraa hin goone

Amantii dhabuun boqonnaa Waaqayyo nuuf qopheesseetti galuu nu hanqisa Ibr. 3:18-19

Abdiin sagalee abdnii Waaqyyo nuuf gale ni ta’a jedha

Amantiin Saaleen abdiin Waaqayyo naaf kenne akka naaf ta’etti fudhadheera jedha.

Mamiin in ta’a ykn hin ta’u jechuudhan amanuu fi amanuu dhabuu gidduuntti roora’a-asiis achi jedha

Amanuu dhabuun Akkamitti kun ta’a! Gonkumaa kun ta’uu hin danda’u jedha.

7.4. Cubbuu

Otuu cubbuun garaa keenya keessa jiruu kadhata amantii kadhachuu hin dandeenyu.

o Far. 66: 18 Otuu yaaka ana keessatti argeera ta’ee Gooftaan ana hin dhaga’u ture

o Isa. 59:1-2 “ Kunoo harki Waaqayyoo fayyisuudhaaf hin gabaabbanne, gurri isaas dhaga’uudhaaf hin

duunne, garuu cubbuu keessantu isiniif Waaqayyo gidduutti gargar baase.

Otuu cubbuun nu keessatti mo’ee jiruu, lola amanii lollee mo’achuu hin dandeenyu.

o Kees. 23:9Yeroo diinota kee loluudhaaf baatu waan hamaarraa dhaqnakee eegi

o Iya. 7:11-12 Isiraa’el yakkeera… kanaafis diinota isaanii dura dhaabachuu hin dandeenye

Cubbuun amntii keenya nu duraa gufachiise yoo ta’e furmaatni isaa Qalbii diddiirachuudhaan fuula

Waaqayyootti dhiyaannee dhiiga Yasuus Kiristoosiin cubbuu keenyaattii qullaa’uu dha.

o 1Yoh 1:7-9 Dhiigni ilma isaa cubbuu hindumaattii nu qulleessa…

7.5. Beekumsa dhabuu (wallaala)

Diinni amantii inni biraan immoo wallaala. Hose. 4:6 “ Sabni koo beekumsa dhabuu isaa irraa kan ka’e

bade”== Beekumsi kun beekumsa Waaqayyoo fi dubbii isaa dhabuu dha malee isa mana barmootaa

dhaqanii barachuu dhaban miti.

Namoonni yeroo baay’ee isa Waaqayyo isaan irraa barbaadu irraa kan kaatana sagalee Waaqayyoo

wallaaluu irraa akka ta’e Yasuus dubbateera.

Kanaafi Waaqayyo ani aarsaa caalmaatti ani Waaqayyo ta’uu koo beekutti nan jaalladha kan iini jedhe

Hose. 6:6

o Far. 64:10 “Gab jedhaatii ani Waaqayyo akkan ta’e beekaa”

o Dani.11:32 Warri Waaqa isaanii beekan in jabaatuu

o 1Qor.2:12 Isa Waaqayyo biraa akkasumatti nuuf kenname akka beeknuuf hafuura Waaqayyoo

fudhanne malee kan biyya lafaa miti

Kiristaan Kiristoos keessatti eenyummaa ofii isaa hin beekne seexanni itti xabataa hafa. Kanaaf jedheeti

Phaawuloos waa’ee Waaqayyoo human isaa beekuu waldaa Efesooniif kan inni kadhate. Efe.1:17-18