new lakk. 5/2003 qajeelfama carraa barumsa fi leenjii …orhb.gov.et/images/qajeelfa fao'aannoo...
TRANSCRIPT
1
LAKK. 5/2003
QAJEELFAMA CARRAA BARUMSA FI LEENJII OGEEYYII FAYYAA
Leenjii fi Misoomni Humna Namaa manneen hojii Naannichaa
keessatti haala sirna qabeessa (Systematic) ta’een akka
raawwatamu fi bu’aaleen sagantaalee leenjii irraa eegaman akka
dhugooman gochuudhaaf akka gargaaru Biiroo Sivil Sarvisii fi
Bulchiinsa Garii Oromiyaa akkaataa Labsii lakk. 132/2003 fi
labsii Bulchiinsa hojjatoota Mootummaa Oromiyaa lakk 61/94
keewwata 50/3 fi 88/2’n kennameef qajelfamoota Onnachiiftuu
Carraa Barumsaa fi Leenjii Ogeeyyii Fayyaa Naannoo Oromiyaa
kanatti aanu basee jira.
KUTAA TOKKO
Tumalee Adda addaa
1. Mata duree Gabaabaa
Qajeelfamini kun “Qajeelfama Carraa Barumsaa Leenjii ogeeyyii
Fayyaa Naannoo Oromiyaa Lakk 05/2003” jedhamee waamamuu ni
danda'a.
2. Hiika
Akaataa seensa jechaatti hiika biraa kan kennisiisuuf yoo ta'e
malee qajeelfama kana keessatti:
1. "Yeroo tajaajilaa" jechuun hojjetaan mootummaa tokko guyyaa
qaxaraamee kaasee hanga guyyaa barumsa galutti tajaajila
waajjira ykn dhaabbilee mootumaa keessatti kenne qofa
jechuudha.
2. "Leenjii yeroo gabaabaa" jechuun leenjii biyya keessatti ykn
biyya alaatti guyyaa 15 hanga ji’a 3 yeroo hin caalleef
kennamu jechuu dha.
2
3. "Leenjii yeroo dheeraa" jechuun leenjii biyya keessaa ta'ee biyya
alaatti yeroo ji’a 3 fi isaa ol ta’uuf kennamuudha.
4. "Barumsa gannaa" jechuun oggeeyyii fayyaa tiif ganna ganna
yuunvarsitii biyya keessa jiranitti itti fufiinsaan carraa
barumsaa kennamu jechuudha.
5. “Leenjii biyya alaa” jechuun Itiyoophiyaan alatti leenjii baajata
mootummaan ykn liqiin ykn gargaarsa seektara fayyaa tiif
ramadameen yookaan carraa kennameen biyya alaatti yeroo
dheeraa ykn yeroo gidduu galeessaa ykn yeroo gaababaaf
kennamu jechuudha.
6. “Leenjii dhuunfa biyaa alaa” jechuun Hojjetaa fayyaa sochii
dhuunfaa isaatiin carraa leenjii biyya alaatii fi qaama kafaltii
mana burumsa kafaluuf argatee, Biiroon barbaachisummaa isaa
itti amanuudhaan kan hayyamee fi yeroo turmaata barnootichaa
mindaa qofa kaffaluuf kan itti waligale jedhuudha.
7. ”Barumsa kallattiidhaan qunnamtii qabu” jechuun gosa
barumsaa Hojjata leenjii jalqabaa itti argatee fi kan amma irratti
dorgomu yoo walfakkaateedha.
8. ”Barumsa qunnamtii gara biraatiin” jechuun barumsa duraan
qabuu fi amma barachuuf galmaa’e walitii dhufeenya xiqqaa
qaban jechuudha.
9. ”Barumsa walqunnamtii hin qabne” jechuun barumsi duraan
baratee fi amma barachuu barbaade walqunnamtii tokkollee hin
qaban jechuudha.
10. ”Tajaajila qunnamtii qabu” jechuun Hojjii yeroo ammaa
hojjachaa jiruu fi isa gara funduraa barumsa xumuree yeroo
deebi’uu wajjin wal fakkaatu irratti hojjachuu danda’u
jechuudha.
3
11. ”Tajaajila Qunnamtii gara birratiin qabu” jechuun Hojjii yeroo
ammaa hojjachaa jiruu fi barumsa yeroo xumuru iddoo itti
hojjachaa jiruun qunnamtii xiqqaa qabu jechuudha.
12. ”Tajaajila Qunnamtii hin qabne” jechuun Hojjii yeroo ammaa
hojjachaa jiruu fi barumsa yoo xumure kan waal hin fakkaanne
jechuudha.
13. “Wabii” jechuun hojjetaan mootummaa tokko barumsa
barachuuf baasiin waan itti bahuuf haala waadaa seeneen yoo
raawwachuu baate baasii itti bahe akkasumas yoo barbaachisaa
ta’e kisaaraa dabalatee bakka isaa bu’ee dirqama hojjetichi seene
bahuuf nama waadaa seenu jechuudha.
14. “Baasii Mana Hojiicha” jechuun akkaataa raawwannaa wabii
qajeelfama kanaatti, baasiiwwan mindaa, geejjibaa, durgoo,
qorannoo yaalaa, paaspoortii fi viizaa, baasiiwwan barumsaa
/tuition fee/, hojjataan carraa argatee xumuree yoo deebi’uu
tajaajila irra eegamu bahuu yoo bate gosa adabbitiin kafaluuf
wadaa galee fi kan biroo leenjicha wajjin walqabatanii fi manni
hojichaa leenjifamaadhaaf bahii godheedha.
15. ”Mana Hojii ol’aanaa” jechuun Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiya
jechuudha.
16. ”Mana hojii” jechuun waajjiraalee Eegumsa Fayyaa Godinaa,
Aanaa fi Magaalaa jechuu dha.
17. ”Dhaabbilee Fayyaa ” jechuun Hospitaalota, Buufataalee Fayyaa
fi Keellaa fayyaa naannoo keessa jiran jechuudha.
18. ’’Sadarkaa Aanaalee fi dhaabbilee Fayyaa ’’ jechuun ulaagaa
qoodinsaa iddoo hojiif mijaa’a fi mija’aa hin taane addaan bahee
sadarkaa ’Addaa’, ‘A’, ‘B’ fi ‘C’ jedhamee Aanaalee fi
hospitaalootaf kennamee dha.
4
19. ”Ogeeyyii Fayyaa” jechuun ogeessota akkaataa qajeelfama
”Career structure” waamama gita hojii fi mindaa ka’umsa
kafalamaafi jiru jechuudha.
20. ”Ogummaa yaaluu” jechuun ogeessota fayyaa ogummaa
wal’aanasaatiin Buufataalee fayyaa fi Hospitaalota keessatti
tajaajiluuf carraa barumsaa argatan jechuudha,
21. ”Ogummaa yaaluun alaa” Ogeessota ogummaa isaanii gara
”MPH, MSc fi MA’ irratti foyyeefachuuf carraa barumsaa argatan
jechuudha.
22. ”Sadarkaa Barumsaa wlfakkaatu” jechuun hojjataa sadarkaa
baruumsa Dipiloomaa qaban, Dipiloomaa birra ykn digrii
jalqabaa qaban digrii jalqabaa birraa ykn Digrii 2ffaa
(MA/MSc/MPH fi kkf) qaban digrii 2ffa biraa waalfakkaatu
jechuudha.
23. ”Ogeeyyii ekisteenshinii Fayyaa Magaalaa” jechuun ogeeyyii
ogummaa narsummatiin erga ebbifamanii booda leenjii ji’a sadii
(3) kennameefii hojii irratti bobba’an jechuudha.
24. ”Adeemsa Hojii” jechuun Adeemsa Hojii Misooma fi Hooggansa
qabeenya Namaa jechuudha.
KUTAA LAMA
Qoodinsa Sadarkaa Aanaalee fi Hospitaalotaa
3. Ulaagaa Qoodinsa Aanaalee
Aanaaleen magaalaa fi baadiyyaa Oromiyaa bakka 4 tti Sadarka
’Addaa’, ‘A’, ‘B’ fi ‘C’ jedhamanii sadarkaan kan kennameef yoo ta’u,
ulaagaan ramaddii sadarkaa isaanii akka armaan gaditti
ibsameedha.
1. Fageenya aanichi giddu-galeessa naannichaa (Finfinnee) irraa
qabu,
5
2. Jireenya misooma bu’uuraa kan akka ;
a. Daandii fi geejjiba bonaa fi gannaa
b. Bilbila, ibsaa fi bishaan qulqulluu
c. Mana baruumsaa fi tajaajila fayyaa
3. Haala qil’eensa aanichaa(baddaa, badda daree fi gammoojjii),
4. Teessoo bulchiinsa Aanaa ykn Godinaa ta’uu (Aanota magaalaa
tiif)
4. Aanaaleen sadarkaa “Addaa”
Aanaleen sadarkaa ’’Addaa’’ Dhaabillee Fayyaa fi Waajjiralee
Naannoo Magaalaa Finfinneetti, magaalaa Godinaa fi Magaalota
beekkamoo ta’an gurguddoo keessatti kan argamani, kan
dhihaataanii fi giddugaleessa naannichaatiif dhiyoo kan ta’an,
daandii bonaa fi gannaa kan qaban akkasumas tajaajila ibsaa,
bilbilaa fi bishaanii kan qabuu fi jireenyaaf mijaawaa ta’uudhaan
kan beekmaniidha.
5. Aanaalee Sadarkaa ’’A’’
Aanaleen sadarkaa ’’A’’ kennameef Haalli qilleensa isaanii
gammoojjiillee yoo ta’e giddugaleessa naannichatiif dhiyoo kan
ta’an, daandii bonaa fi gannaa kan qaban akkasumas tajaajila ibsaa
fi bishaanii kan qabuu fi jireenyaaf mijaawaa ta’uudhaan kan
beekmaniidha. Ogeeyyiin fayyaa haala amma jiruun aanaalee
kanneen kessatti ramadamuudhaaf fedhii guddaa kan
agarsiisaniidha.
6. Aanaalee sadarkaa “B”
Aanaaleen sadarkaa ’’B’’ kennameef Faageenyi isaanii wirtuu
(Center) naannichaa irraa giddu galeessa kan ta’ee fi ulaagaa
bu’uura misoomaa walakkaa oli guutuudhaan kan beekaman,
hedduun isaanii teessoo magaalaa Godinaa ykn Aanaa kan ta’an fi
ogeeyyiin fayyaa Aanaalee sadarkaa “A’’ tti aansuudhaan keessatti
ramadamuudhaaf kan filataniidha.
6
7. Anaaleen sadarkaa “C”
Aanaaleen sadarkaa ’’C’’ kennameef giddu galeessa naannichaa
irraa fageenya kan qaban, haalli qilleensaa issanii jireenyaaf
ulfaataa kan ta’ee fi isaan keessaa tokko tokko ammoo Naannolee
ollaatiin kan daangeffaman yoo ta’u, ulaagaa bu’uura misoomaa
walakkaa gadi kan guutan fi misoomaan boodatti hafummaadhaan
kan beekamanii dha. Haala amma jiruun ogeeyyiin fayyaa Aanota
kana dhaquudhaaf tasuma kan hin filanneefi yoodhaqanis osoo hin
turin hojii irraa kan badaniidha.
8. Ramaddii sadarkkaa Aanaalee Godina Godinaan.
1. Godina Arsii
Lakk
Sadarkaa
”Addaa
Aanaa
Sadarkaa “A”
Aanaa
Sadarkaa “B”
Aanaa
Sadarkaa “C”
Ida’am
a
1.
Magaalaa
Asallaa
Leemuu fi
Bilbilloo Gunaa Gololchaa
2.
Magaala
Boqqojjii Baalee Gasgaar
Hinqooloo
Waabee
3. Digaluu fi Xijoo Muuneessaa Asakoo
4. Roobee Xannaa Seeruu
5. Heexoosaa Suudee
6. Dodootaa Zuwaay Dugdaa
7. Siree Martii
8.
Lodee fi
Hexxoosaa Shirkaa
9. Xiyyoo Dikisiis
10. Amminyaa
11. Jajuu
12. Collee
Ida’a
ma
1
9 13 3 26
7
2.Godina Baalee
Lakk
Aanaa
Sadarkaa “A”
Aanaa
Sadarkaa
“B” Aanaa Sadarkaa “C” Ida’ama
1. Magaala
Roobee Sinaanaa Dawwee sarar
2. Magaala
Goobbaa Diinshoo Dawwee qaccaan
3. Goobbaa Gurraadhaamoolee
4. Gooroo Gololcha
5. Agarfaa Madda Walaabuu
6. Gaasaraa Dalloo Mannaa
7. Gindhiir Harannaa Bulluq
8. Saawweenaa
9. Barbarree
10. Laghidhaa
11. Raayituu
Ida’a
ma
2 7 11
20
8
3. Godina Booranaa
La
kk
Aanaa
Sadarkaa
“A”
Aanaa Sadarkaa
“B”
Aanaa
Sadarkaa “C” Ida’ama
1. Bulee Horaa Yaabaalloo
2. Magaala yaabaalloo Areeroo
3. Taaltallee
4. Moyaalee
5. Dirree
6. Galaan
7. Dugda dawwaa
8. Mi’oo
9. Abbaayyaa
10. Dilloo
11. Dhee’as
12.
Malkaa
Sooddaa
Ida’ama 2 12 14
9
4.Godina Gujii
La
kk
Aanaa
Sadarkaa
“A”
Aanaa Sadarkaa
“B” Aanaa Sadarkaa “C” Ida’ama
1 Adoolaa Waayyuu Uraagaa
2 Magaalaa Adoolaa Damee
3
Magaalaa
Nageellee Booree
4 Oddoo Shaakkisoo
5 Liiban
6 Waadaraa
7 Girjaa
8 Qarcaa
9 Hambalaa Waamanaa
10 Anna Sorraa
11 Goroo Doolaa
12 Sabaa Booruu
Ida’a
ma 3 12 15
10
5.Godina Harargee Bahaa
Lakk
Aanaa Sadarkaa
“A”
Aanaa
Sadarkaa “B”
Aanaa
Sadarkaa
“C” Ida’ama
1
Mag, Haramayaa Gooroo Gutuu
Malkaa
Bal’oo
2 Maga. Awadaayi Dadar Fadisi
3 Haramayaa Qarsaa Giraawwaa
4 Magaalaa Dadar Miidhagaa
5 Meettaa Gola Odaa
6 Kombolchaa Jaarsoo
7 Kurffaa Callee Cinaaqsan
8
Gursum
Mayyuu
Mulluqee
9 Baabbilee Baddannoo
10 Qumbii
Ida’ama 3 9 10 22
11
6. Godina Harargee Lixaa
Lakk
Aanaa
Sadarkaa
“A”
Aanaa
Sadarkaa
“B”
Aanaa Sadarkaa
“C” Ida’ama
1 Magaala
Ciroo Xulloo Doobbaa fi Afdam
2 Ciroo Ancaar
3 Qunnii Daaroo Labuu
4
Magaalaa
Baddeessaa Bookee
5 Habroo Gammachiis
6 Odaa Bultum Masalaa
7 Gubbaa Qorichaa
8 Mi’eessoo
9 Burqaa Intuu
10 Hawwii Gudinaa
Ida’ama 1 6 10 17
12
7. Godina Jimmaa
La
kk
Aanaa Sadarkaa
“A”
Aanaa
Sadarkaa “B”
Aanaa
Sadarkaa “C” Ida’ama
1
Qarsaa
Saqqaa
Coqorsaa
Limmuu
Koossaa
2 Magaala Jimmaa
(Addaa) Sokoruu Guumay
3
Maannaa
Shabee
Somboo
Oomoo
Naaddaa
4
Magaa. Aggaaroo Deedoo
Limmuu
Saqqaa
5 Gommaa Xiroo Afataa
6 Geeraa
7 Sigimoo
8 Saxxammaa
9 Cooraa Bootor
10
Noonnoo
Beenjaa
Ida’a
ma 4 5 10 19
13
8. Godina Shawaa Bahaa
La
Kk Aanaa
Sadakaa
‘’Addaa’’
Aanaa
Sadarkaa
“A”
Aanaa
Sadarkaa
“B”
Aanaa
Sadark
aa
“C”
Ida’a
ma
1
Adaamii
Tulluu fi
J/Kombolchaa Faantaallee
2 Mag.
Adaamaa
Magaala
Zuwaay
Magaala
Matahaaraa
3 Mag.
Bishooftuu Dugdaa Gimbichuu
4 Magaalaa
Moojoo Boosat
Liban
Cuqqaalaa
5 Booraa
6 Luumee
7 Ada'aa
8 Adaamaa
Ida’a
ma 4 8 3 15
14
9. Godina Shawaa Lixaa
La
kk
Aanaa
Sadarkaa
“A”
Aanaa
Sadarkaa
“B”
Aanaa
Sadarkaa “C” Ida’ama
1
Jalduu
Meettaa
Roobii
Abunaa
Gindabarat
2 Caalliyaa Jibat Gindabarat
3
Amboo
Baakkoo
Tibbee Daannoo
4 Dandii Iluu-Galaan Ilfata
5 Magaala
Amboo Midaaqanyii
6 Ejeree Noonnoo
7 Ada'aa Bargaa
8 Xuqur Inciinii
9 Tokkee
kusaayee
Ida’a
ma 9 2 6 19
15
10 . Godina Shawaa Kaabaa
La
kk Aanaa Sadarkaa
“A”
Aanaa Sadarkaa
“B”
Aanaa
Sadarkaa
“C” Ida’ama
1
Warra Jaarsoo
Hidhabuu
Abootee Darraa
2 Dabra Libaan Jiddaa
3
Kuyyuu
Abbichuu fi
Nyaa'aa
4 Dagam Yaayyaa gullallee
5 Giraar Jaarsoo
6 Magaalaa Fichee
7 Wucaalee
8 Alaltuu
9 Qimbibiit
Ida’a
ma 9 4 1 14
16
11. Godina Shawaa Kibaa Lixaa
Lakk
Aanaa
Sadarkaa “A”
Aanaa Sadarkaa
“B”
Aanaa
Sadarka
a “C” Ida’ama
1 Walisoo Ammaayyaa
2 Magaalaa
Waliisoo Wancii
3 Iluu Sooddoo Dacii
4 Bachoo Gooroo
5 Qarsaa fi Maalimaa
6 Sadeen Sooddoo
7 Tolee
8 Daawoo
Ida’ama 4 8 12
17
12. Godina Wallaga Bahaa
La
kk
Aanaa Sadarkaa
“A”
Aanaa
Sadarkaa “B”
Aanaa
Sadarkaa “C” Ida’ama
1 Guutoo Giddaa Saasiggaa Limmuu
2 Maga. Naqamtee Leeqaa Dullachaa Ibantuu
3
Waayyuu Xuqaa Diggaa
Waamaa
Hageloo
4
Sibuu Siree Giddaa Ayyanaa
Bonayyaa
Boshee
5
Gubbuu Sayyoo
Nuunnuu
Qumbaa
6 Jimmaa Arjoo Haroo
7
Gudayyaa
Biilaa
8 Kiramuu
Ida’
ama 5 5 8 18
18
13. Godina Wallaga Lixaa
La
kk
Aanaa
Sadarkaa
“A”
Aanaa Sadarkaa
“B”
Aanaa Sadarkaa
“C” Ida’ama
1 Magaalaa
Gimbii Sayyoo Noollee Yuubdoo
2 Magaala Najjoo Jaarsoo
3 Najjoo Begii
4 Gimbii Boojii Coqorsaa
5 Ayiraa Boojii Dirmajii
6 Gullisoo Ganjii
7 Noolee Kaabbaa Qondaa
8 Haaru Dabbasoo
9 Laaloo Asabii Baabboo
10 Hommaa Qilxuu Karraa
11 Mana Sibuu
Ida’ama 1 9 11 21
19
14. Godina Iluu Abbaa Booraa
La
kk
Aanaa
Sadarkaa
“A”
Aanaa
Sadarkaa
“B”
Aanaa Sadarkaa
“C” Ida’ama
1 Magaalaa
Mattuu Baddallee Daarimuu
2
Magaalaa
Beddallee Mattuu Daaphoo Haannaa
3 Yaayyoo Deegaa
4 Hurrumuu Diiduu,
5 Gachii Bachoo
6 Allee Algee saachii
7 Cooraa Buree
8 Haluu
9 Noonnoo fi Sallee
10 Booracha
11 Cawwaaqaa
12
Suphee, Sooddoo
fi Sachii
13 Biloo fi Noophaa
13 Makkoo
15 Dooranii
Dhidheessaa
Ida’ama 2 7 16 25
20
15. Godina Arsii Lixa
La
kk Aanaa Sadarkaa
“A”
Aanaa
Sadarkaa “B”
Aanaa
Sadarkaa
“C”
Ida’a
ma
1 Magaalaa
Shaashamannee Gadab Asaasaa Nansaboo
2 Shaashamannee Kofalee Kokkossaa
3 Arsii Nageellee Qoree Siraaroo
4 Magaala Dodolaa Dodolaa
5 Wandoo Adaabbaa
6 Shaallaa
Ida’a
ma 5 6 3 14
21
16. Godina Qeellam Wallaga
Lakk Aanaa
Sadarkaa
“A”
Aanaa
Sadarkaa “B” Aanaa Sadarkaa “C”
Ida’a
ma
1 Magaalaa
D/doolloo
Daallee waabaraa
2 Sayyoo Gaawwoo qeebee
3 Anfilloo
4 Gidaamii
5 Hawwaa walal
6 Jimmaa Horoo
7 Daalle Sadii
8 Yamaloogii walal
9 Laaloo qilee
Ida’ama 2 9 11
22
17. Godina Horroo Guduruu Wallagaa
La
kk
Aanaa
Sadarkaa
“A”
Aanaa
Sadarkaa “B”
Aanaa
Sadarkaa “C” Ida’ama
1
Abbay
Coomman Abbee Dongoroo
2 Horroo Jaardagaa Jaartee
3 Guduruu Abaaboo Guduruu
4 Jimmaa Ganatii Amuruu Fulliyee
5
Maga.
Shambuu Jimmaa Gannatii
Ida’ama 5 5 10
18. Godina Aadaa Naannoo Finfinnee
La
kk
Aanaa Sadarkaa
‘’Addaa’’ Aanaa
Sadarkaa
“A”
Aanaa
Sadark
aa “B”
Aanaa
Sadar
kaa
“C”
Ida’am
a
1 Magaalaa Duukam Walmaraa Mulloo
2 Magaala Holotaa Sulultaa
3 Magaala Buraayyuu Barahii
4
Magaala Sandaafaa
Sabbataa
Hawaas
5 Magaalaa Galaan Aqaaqii
6 Magaalaa Lagaa
Xafoo- Lagaa dhaadii
7 Magaalaa Sabbataa
8 Magaalaa Sulultaa
Ida’aa 8 5 1 0 14
23
9. Ulaagaa Qoodinsaa Hosiptaalootaa
Hospitaalonnii seektara Fayyaa jalaatti bulaanii fi ammatti
ummataaf tajaajila kennaa jiran qoodinsi sadarkaa isaanii
ulaagaaleen qoodama sadarkaa Aanaalee illee kan hojjatu ta'ee
dabalataan:
1. Magaaloonni dhaabbileen kun keessa jiran jireenya ogeeyyii
fayyaatiif mijaa’ina qaban,
2. Haala mijaa’aa bakka hojii (conducive working environment) kan
akka cimina gamoo, ballina kutaalee, qabeenya, meeshaalee
yaalaa ilaalcha keessa galchuudhaan sadarkaan armaan gadii
qoratamee kenameefii jira
3. Ogeessota ol’aanoo harkkisuu fi tursiisee ummataaf tajaajila
kennuu akka danda’an ilaalcha keessa kan galchee dha,
24
10. Qoodiinsa Sadarkaa Hospitaalota Oromiyaa
Gulantaa Hospitaalotaa Baa
yyin
a
La
kk.
Sadark
kaa
Hospita
alotaa Sadaka
a Adda
A B C
1 Riferaa
lii
Adaam
a
1. Naqamtee
2. Shaashama
nne
(Kuyyaraa)
Mattuu Karl 4
2 Zonaali
i
Bishoof
tuu
1. Fiche
2. Amboo
3. Ciroo
1. Galamsoo
2. Ginniir
3. Dambdoolloo
4. Bisidimoo
5. Bulee Horaa
6. Gimbii
7. Negellee
8; Gobbaa
9. Baalee
Robbee
13
Distrik
tii
Tulluu
Boolloo
1. Dodoolaa
2. Haroomayaa
3. Jimmaa
4. Gudar
5.Shashamann
ee (Magaalaa)
6. Kuyyuu
7. Geddoo
1. Dadar
2. Shaambuu
3. Limmuu.L/G
4. Najjoo
5.Arsii Robbee
6. Adoolaa
7. Yaabbeelloo
8. Badalee
9. Abboomsa
1. Ginda/B
2. Beegii
3.Giddaa A
4. Girawwaa
5. Moyyaalee
6.Dalloomann
aa
23
Ida’aa 3 12 19 6 40
25
Kutaa Sadii
Carraa Baruumsaa Ogeeyyii Fayyaa
11. Ulaagaa dorgommii Carraa baruumsaa dheeraaf barbaachisu
1. Ogeessi tokko dorgommiif dhihaachuudhaaf qabxii madaalii
raawwii hojii 80% fi isa ol argachuu qaba.
2. Qabxii Shallagii dorgomiif barbachissu
Lak
k
Ulaagaa Madaallii Qabxii % Ibsa
1 Bu’aa Madaallii
raawwii hojii
55%
Sadarkaa Addaa 5
Sadarkaa A 6
Sadarkaa B 8
2 Iddoo hojii keessatti
kan hojjateef
10%
Sadarka C 10
Of eeggannoo fi adabbiin
tokkolee galmee keessa kan hin
jirre
5
Of eeggannoon barreeffamaa
galmee keessa kan jiru
3
Addabbii namusaa salphaa itti
gaafatamaa mana hojiitiin
mirkana;ee
2
3 Namusaa fi
qulqulina kuusaa
5%
Adadaabbii namusaa Cimaa
ittigaafatamaa mana hojiitiin
mirkanaa’ee
0
4 Qabxii barnoota
(CGPA)
30% Qabxii
barnoota
X7.5
5 Dubartootaa fi
qaama
midhamtootaaf
3+
26
3. Ogeessotaa sadarkaa ”Diploma” qbxii barnoota (CGPA) hin
qabnnee yoo dorgoman Bu’aa Madaallii raawwii irraatti ida’ama
addaan bassuu ni danda’ama.
4. Naamusaa kennamu ilaalchisee ogeessa waggaa sadii dura badii
naamusaatiin raawwate hin ilaalu.
5. Ogeessi fayyaa tokko carraa barumsaa argachuuf akkaataa
keewwata kana keewwata xiqqaa 1 irratti ibsameen tajaajila irraa
eegamu yoo xumuree fi raawwii hojiitiin ogeessota biraa irraa
qabxii ol’aanaa yoo argate qofa dorgomuu danda’a.
6. Ogeessi fayyaa tokko dorgomuudhaaf qabxiin raawwii hojii isaa
80% fi isaa ol ta’u qaba.
12. Yeroo Tajaajila Carraa Baruumsaa Argachuuf dorommidhaaf
Barbaachisu:
Sadarkaa dhaabbilee
Fayyaa ykn Mana Hojii
Lakk Gosa ogummaa
Addaa ”A
”
”B” ”C”
1
Diplomaa irraa
Gara Diigrii
Duraatti
4 3 2.5
Wagga
lamaa fi
ji’a jahaa.
2
2
BSc/BA/MD irra
gara Diigrii 2ffaa
ykn Ispeeshaalistiif
4 3 2.5
Wagga lamaa
fi ji’a jahaa.
2
3 Ogeyyii
ekisteenshinii
Magaalaa
3
27
13. Carraa Leenjii yeroo Gabaabaa
1. Ogeeyyiin fayyaa sadarkaa baruumsa kamiyyuu qaban Leenjii
yeroo gabaabaa argachuuf ulaagaaleen dhaabbilee adda addaa
biyya keessaa fi biyya alaa akkuma eegameetii ta'ee dheerinni
yeroo tajaajilaa dorgommiif barbaachisuu akka armaan gadiitti
ta’a.
Sadarkaa Aanaa ykn Dhaabbilee Fayyaa
Sadarkaa Addaa ”A” ”B” ”C” Ibsa
Waggaa 3 2 1.5
Wagga
tokko fi ji’a
jahaa.
1
2. Qabxiiwwan dorgommiif barbaachisanu akkaataa keewwaata
11(1) irratti ibsameen shallagamee kan moo’ateef ta’a.
3. Ogeessi biyya keessattis ta’ee biyya alaatti leenjii yeroo gabaabaa
fi gidduugalesaa kennameef leenjii biraa kan yeroo gabaabaa
argachuuf leenjii biyaa alaa tiif tajaajila waggaa 1 fi ji’a 6, leenjii
biyaa keessaatiif waggaa 1 kennuu qaba.
4. Ogesessi Fayyaa leenjii yeroo dheeraa xumuree leenjii yero
gabaabaa fi gidduugaleesaa biyyaa alaa argachuuf tajaajila
wagga 2 akkasumas carraa leenjii yeroo gababaa biyyaa keessaa
argachuuf tajaajila waggaa 1 kennuu qaba.
5. Keewwata kana keewwataa xiqaa 4 akkuma egametti ta’e carraan
leenjii argame hojjataa kallattiidhaan kan ilaalu ta’u isaa
manajimantiin kan mirkana’e yoo ta’e carraan argame ni
kennamaaf.
28
14. Dheerinii Umurii Leenjiif Barbachissuu
Ulagaalee dhaabbileen barnootaa biyya keessa ala ta’ee biyaa
keessa akkuma egametti ta’ee ogeessi tokko ogumma
foyyeefachuuf dangaa umurii armaan gadii darbuu hin qabu
Daangaa umurii
Sadarkaa barumsa irraatti
dorgomamuu
Diiraa Dubartiif
1. Sartifikeetii irraa gara
Dippiloomaatti
40 43
2. Diplooma irra gara Digirii jalqabaa
tiif
45
48
3. Digrii jalqabaa irra gara Digirii
2ffaaf (Maasteriif)
50
53
4. MD irraa gara Ispeeshaalistummaa 50 53
5. Digrii 2ffaa (Maastereetii) irra gara
Digirii 3ffaaf (PhD)
50
52
6. Leenjii gabaabaa fi
gidduugaleessatiif (Certificate)
Sooroma ba'uuf hanga
waggaan 2 hafutti
15. Ulaagaalee ogeessa tokko dorgommii leenjii kammiiyyuu
irraa ittisuu danda’an
1. Ogeeyyii Fayyaa Ispoonsarii mootummaatiin caarra barumsaa
argatanii barachaa jiran.
2. Leenjii biyya keesaas ta'ee kan biyya alaatiif Biiroon
deeggarsa kenneen erga dorgommii darbeen booda hamma
carraan barumsichaa hafuu isaa qulqullaa’utti.
29
3. Ulaagaa Qaxarri, Jijjiirraa fi hojiitti deebi’uu qajeelfama kana
keessatti tuqameen ala qaxaramee ykn jijjiiramee ykn hojiitti
deebi’ee yoo argame carraan leenjii kamiyyuu hin kennamuuf
4. Ogeessi sadarkaa baruumsa walfakkaatu qabu sadarkaa
walfakkaatu kan biraa irratti dorgomuu hin danda’u.
5. Ogeessi leenjii yeroo dheeraaf dorgomee darbe leenjii gosa
biraa sadarkaa walfakkaatu kan biyya keessaas ta’ee kan
biyya alaa irratti ta’ al-tokko dorgomuu hin danda’u.
6. Ogeessi tokko carraa barumsaa dorgomee erga darbee booda
sababa ragaa qabatamaa dhiheessuu hin dandeenyeen yoo
addaan kute waggaa 4 itti aanuuf carraa baruumsaa
kamiifuu dorgomuu hin danda’u.
16. Koree carraa leenjii ogeyyii Fayyaa
Koreen dhimma jijjiraa, ramaddii, mirga hojii gadilakissu
hojiitti deebi’uu ogeyyii Fayyaa qajeelfama lakkofsa 07/2003
keewwaa 11 irraatti hunda’ee carraa leenjii argamees kan
raawwaatu ta’a.
17. Akkaataa Raawwii Carraa Barumsa oogeeyyii Fayyaa
1. Carraan barumsaa biyya alaas ta’ee kan biyya keessaa,
kan yeroo gababaa fi yeroo dheeraa kan kennamu
ulaagaalee bahan irratti hundaa’ee dorgomii ifaatiin qofa
ta’a.
2. Carraan leenjii gababaa biyyaa alaa kamiyyuu Adeemsii
hojii Misooma fi Hoggansii Nama osoo hin beekkinii carraa
argametti fayyaadamuu hin dandaa’amuuu.
30
18. Haala Beeksisnii itti ba’u
1. Hojjetoonni akka salphatti arguu itti danda’anitti gabatee
beeksisa Biirroo, Godinalee, Aanaalee fi Dhaabbilee Fayyaa
keessaa irratti maxxanfamuu qaba.
2. Qabiyyee Beeksisichaa
a. Gosa Leenjichaa,
b. Iddoo Leenjichaa,
c. Wayitii Leenjichi Itti Kennamuu fi Yeroo Inni fudhatu,
d. Baayina leenjifamtoota barbaadamani,
e. Gosaa fi sadarkaa barumsaa leenjifamtoota irraa
barbaadamu,
f. ogummaa addaa fi muuxannoo hojii,
g. saalaa, Kkf,
h. Iddoo, guyyaa fi sa’aa galmee,
i. Guyyaa, ji’aa fi bara beeksisichi itti bahe,
j. Maqaa, Mallattoo fi Chaappaa I/gaafatamaa kutaa hojii
beeksisichaa baase,
3. Yeroo Beeksisichi Itti Turu
Dhiphinni yeroo kan hin jirre yoo ta’e, yoo xinnaate
beeksisichi guyyoota hojii sadii walitti aananiif gabatee
beeksisaa irratti maxxanfamee ni tura, haa ta’u malee,
leenjichi kan hatattamaa ta’ee yeroon kan dhiphate yoo ta’e
carraan argame akka hin fashalle akkuma haalichatti
beeksisichi guyyoota sadi eeguu dhiisuu danda’a.
4. Haala Galmeen Kaadhimamtootaa Itti Gaggeeffamu
Haala dhiphinni yeroo itti hin jiraanne keessatti, galmeen
kaadhimamtootaa guyyaa beeksisichi ba’e irraa eegalee
guyyoota hojii sadii /3/ walitti aanuuf kan gaggeeffamu ta’a.
Haa ta’u malee, leenjichi daran kan hatattamaa yoo ta’e,
akkuma haalichaatti yeroo kanaa gad-ta’e keessatti galmichi
kan raawwatamu ta’u isaa beeksisicha irratti ibsamuu qaba.
31
19. Carraa barumsa kamiyyuu Biiroodhaan ispoonsarii
gochuudhaaf kan danda’muu dorgoomidhaan namootaa
darbaaniif qofa ta’a.
20. Ispoonsarii carra barumsa gochuuf kewwata kana kewwata 5
kan ibsameen alaa dhaabbilee fayyaa ykn waajjiraledhaan yoo
xalayaa degarsaa dhaabilee barnoota ol’aanaaf barreefamee
argamee qamnii kana raawwatee seeran kan gaafatamu ta’e
carraan barumsa argamees ni haqama.
21. Carraan barnoota leenjii yeroo gannaa ulaagaalee fi dirqamni
ulaga carraa leenjii biyyaa keessaaf caqafameen ni
raawwatama.
22. Mirgaa fi Dirqamaa Ogeessaa Carraa Barumsaa Argatee
1. Hojjataan seektara fayyaa carraa barumsaa ispoonsarii
Biirootiin argate kamiyyuu tajaajila irraa barbaadamu
kennuu qaba. Haa ta’u malee osoo tajaajila hin xumurin
hojii gadi lakkisuu yoo barbaade akkaataa waligaltee
galeen maallaqa ittiin waadaa gale Biiroodhaaf galii
gochuudhaan waraqaa hojii gadilakkisuu (Qulqulinaa)
fudhachuu ni danda’a.
2. Keewwata kana kewwaata xiqqaa 1 akkuma eegametti
ta’ee, ogeessi waggaa tokko ol tajaajila kennee qarshii
kafalee hojii gadilakkisuuf yoo barbaade tajaajilli kenne
shallagameefi kan yeroo tajaajila hafee qofa ni kafala.
3. Ogeessi fayyaa kamiyyuu baruumsa argate wabii hanga
guyyaa 5 itti yoo dhiheefacdhuu baate carraan kun
ogeessa eeggataa 1ffaa ykn 2ffaa tiif haala walduraa
duubaatiin ni kennamaaf.
4. Ogeessi fayyaa kamiyyuu barumsa itti aanuuf dorgoomuu
kan danda’u tajaajila waadaa gale yoo xumure qofa ta’a.
32
5. Keewwata kana keewwataa xiqaa 4 akkuma eegametti ta’ee
haakimoonni waliigaltee Biirootiin baratan tajaajilaa irraa
egamu osoo hin xumurnii carraa barumsa argataan
tajaajilii lamanuu iddoo tokkotti ida’amee akka bahan ni
taasifama.
6. Ogeessi fayyaa kanaan dura naannoo Oromiyaa keessatti
tajaajila irraa eegamu xumuree hojii gadi lakkise yoo
hojiitti deebi’e caarraan baruumsaa itti aanu kan
kennamuuf yeroo hojiitti deebi’e irraa kaasee yoo xiqqaate
tajaajila waggaa 1 kennuu qaba.
7. Ogeessi fayyaa kanaan dura naannoo Oromiyaa keessatti
tajaajila irraa eegamu xumuree hojii irraa bade yoo hojiitti
deebi’e caarraan baruumsaa itti aanu kan kennamuuf
yeroo hojiitti deebi’e irraa kaasee yoo xiqqaate tajaajila
waggaa 2 kennuu qaba.
8. Ogeessi dhaabbata mit Mootummaa (NGO) walakkaan
baajata mootummaa naannootiin deeggaraman ykn
guutumaan guututti of danda’ee ogeessa ispoonsarii
godhee barsiisuu yoo barbade Biiroon deegarsa
barbachisaa gochuudhaan akka baratan ni godha.
9. Keewwata kana keewwatni xiqqaan 8 akkuma eegametti
dhabbanii miti mootumma barsiisuuf yoo hin barbanne fi
oheessi tajaajila carraa baruumsaaf barbaachissu kan
xumuran yoo ta’e, Biiroon dhaabbilee fayyaa sadarkaa
kamiyuu keessatti ramadee tajaajila waggaa tokko yoo
kenne ispoonsarii gochuudhaan barsiisuu ni danda’a.
10. Ogeessii carraan baruumsa kennameef tokko hayyama
Biiroo malee gosa ogummaa akka baratu ittu ergameen
alaatti jijjiiruu fi sadarkaa baruumsaa ittii aanutti itti fufuu
hin danda’u.
33
11. Keewwata kana keewwata xiqqaa 10 akkuma eeggametti
ta’ee barbaachisummaan isaa Koreen Manaajimantii Biiroo
tiin yoo ittii amaname hayyamni gaaffii jijjirraa gosa
barumasa dhihaatuun kennamuufi ni danda’ama.
12. Ogeessi carraa baruumsaa sagantaa idileetiin kennameef
qabeenya mootummaa dhimma hojiif harka isaa gale mana
hojii isaatti deebisee ragaa qulqullinaa qabachuu qaba.
13. Ogeessi baruumsa isaa xumuree deebi’e iddoo Biiroon itti
ramadeetti hojjechuuf dirqama qaba.
14. Ogessi kamiyyuu karoora Biirootiin ala dhuunfaadhaan
mana barumsaa galee akka baratu hayyamni tokkolee hin
kennamuuf.
15. Ogeessi carraa baruumsaa argatee akka baratu
hayyamaameef yeroo barumsichi fudhatu keessatti sababa
adda addaa tiin osoo hin xumurin kan hafe ragaa
qabatamaa ta’e yoo dhiheeffate qofa yeroon dabalataa kan
hayyamamuuf ta’a.
16. Ogeessi carraa baruumsaa kennameef tokko barumsa isaa
yoo xumuree ragaa isaa waajjiin ji’a tokko keessattii
gabaasa dhiheessuudhaan hojii isa egaluu qaba.
17. Ogeesii fayyaa kamiyyuu Carraa barumsa gannaa argate
durgoo oolmaa fi geejjibaa sababa barumsaatiin gaafachuu
hin danda'u.
18. Ogeessa Fayyaa dhaabbilee fayyaa ala hojjatuf carraa
leenjii ogummaa yaalaa hin kennamuuf.
19. Ispoonsariin carraa barumsaa kamifuu kan kennamu
sadarkaa Biiroo tti qofa ta’a.
20. Ogeessi haala Biiroon hin beekinee fi dorgomiidhaan ala
ispoonsariif carraa barumsaa argate guyyaa irra gahaame
jalqabee barumsa addaan kutee gara hojiitti akka deebi’u
ni godhamaa. Seeraanis kan itti gaafatamu ta’a, qamni
34
ispoonsarii godhe addaabbiin namusaa cimmaan irratti ni
fudhatama.
21. Kewwata kana keewwaataa xiqqaa 20 akkuma eegametti
ta’e hojjataan osoo irra hin gahamin barumsa xumure
ragaa yoo dhiheeffate faayidaa wal-qabate akka argatu
deeggarsi sadarkaa barumsaatiin tokkolee hin taasifamuuf.
22. Hojjataan carraa barumsaa argatee waaligaltee Biiroo
waaliin tasisee barumsa addaan kute mallaqaa barumsa
wajiin walqabatee kafalameef akka deebisu ni taasifama.
23. Hojjataan carraa baruumsa biyyaa keessaa argateef
mindaan guutuun kan kaffalamuuf ta’a.
24. Hojjataa carraa barumsa biyya alaa argateef mindaai
akkaataa qajeelfama leenjii fi misooma qabeenya nama Biiroo
Sivil Sarvisii fi Bulchiinsa Garii Oromiyaa tiin ni kafalamaaf.
25. Ogeessi top-up ykn kafaltii mindaan alaa kafalamaafii jiru
yeroo caarraa barumsaa argate irraa jalqabee kafaltiin
mindaadhaa ala jiru ni dhaabbata.
26. Bara baajataa tokko keessatti Adeemsa Hojii mana hojii
ol’aanaa ykn sadarkaa kamiyyu jiran tokko keessaa nama
tokkoo ol barachuu kan barbaadan yoo ta’e, carraan
barumsaa kan kennamu akkaataa hojii irratti miidhaa hin
finneen ta’ee Abbaan Adeemsa Hojii ykn itti gaafatamaan
wajjirichaa yaada koree manajimantiif dhiheese erga murta’ee
qofa ta’a.
27. Bara baajataa tokko keessatti Dhaabbilee fayyaa keessatti
ogeessaa tokkoo ol carraa barumsa kan kennamu
manajimantiin dhaabilee fayyaa yoo itti amanee qofa ta’a.
28. Ogeessi tajaajila irraa egamu erga xumuree booda crraaqqii
dhuunfaadhaan godheen barumsa biyya alaa yoo argatee fi
bu’aan raawwii hojii isaaf 55% fi isaa ol yoo ta’e Biiroon
mindaa isaa kafaluudhaan ispoonsara gochuu ni danda.
35
23. Mirgaa fi Dirqama Mana hojii
1. Ogeessa carraa baruumsa biyaa alaa argateef kaffaltii mana
barumsaa baasii geejibaa, baasii qorannoo fayyaa, baasii
paaspoortii, baasii viizaa fi kaffaltii adda addaa dhimma
kanaan walqabatan ni kafalaaf.
2. Ogeessi Fayyaa kamiyyuu tajaajila irraa eegamu yoo xumure
ragaan barumsa yunivarsitii keessatti baratetti qabamee jiru
akka gadlakifamuuf mannii hojii haala ni mijeessaaf.
3. Ogeessa fayyaa carraa baruumsaa argatee mana barumsaa
jiruuf fooyyaa’iinsa/ jijjiirama minda akka biyyaatti
murtaa’ee, akkaataa iskeelii mindaa cee’uumsaa kennameen
fooyyaa’ee ni kafalamaaf.
4. Keewwata kana keewwata xiqqaa 3 akkuma eegameetti ta’ee
sadarkaa guddina mindaa hojjattoonni mana hojichaa wal-
dorgommiin argatan hin dabalatu.
5. Ogeessi barumsa isaa akkaataa waligalteen hordofaa
jiraachuu isaa ji’a 6n ni to’ata.
6. Ogeessa baruumsa akkaataa waligalteetiin barachaa hin jirre
irratti tarkaanfii barbaachisaa ni fudhata.
7. Itti gaafatamaan ykn bakka bu’aan mana hojichaa namoota
mallattoof dhihaachuu qaban waadaa galan, waabootaa fi
haadha manaa ykn abbaa manaa qamaan dhihatanii ragaan
nama 3 iddoo jiraniti mallatta’uu isaa ni mirkaneesa.
8. Itti gaafatamaan waajjira bakka bu’ee waadaa galaa wajjin
waalii mallatteessu of eegannoodhaan mallaqni fi ragaalee
barbachisaa ta’an guutamuu isaanii mirkaneessuudhaan
mallatteessuu qaba.
36
9. Itti gaafatamaan keewwata kana keewwataa xiqqaa 8 cabsee
argame tarkaafiin seeraa kan irratti fudhatamu ta’un akkuma
eegameetti ta’ee, badii naamusa cimaa akka raawwateetti
ilaalamee tarkaafiin namusaa kan irratti fudhatamu ta’a.
10. Ogeessa seeraan dorgomee darbeef qofa xalayan deegarsaa fi
isppoonsara qaamaa ilaaluuf ni barreesa
11. Carraa barumsaatiif hojjataaf xalayaa deeggarsaas ta’e ragaa
ispoonsaraa kennuun aangoo Biiroo qofa ta’a.
12. Waajiraalee fi dhaabbilee fayyaa ragaa fi waraqaa ispoonsaraa
hojjataaf kennanii yoo argaman itti gaafatamaan addabii
naamusaa cimaadhaan kan adabamu ta’a.
37
24. Dirqamaa waabii ogeessa Carraa barumsaa argatef irraa
eegamu:
La
.
Gosaa ogummaa baratuu Qarshii
Wabii
ittiwaama
muu
Baay
’ina
wabii
Mindaa
4 Mindaa 3,000 ol
5 Mindaa 2,000 ol
1 Ogeessaa ogummaa yaluu
(Clinical Specialist)
500,000
6 Mindaa 1,500 ol
3 Mindaa 3,000 ol
4 Mindaa 2,000 ol
2 Ogeessa Ogummaa Yaluun
alaa (2nd Degre) (MPH,
MSc, MA, MBA fi kkf )
Sagantaa idileettin
200,000
5 Mindaa 1,500 ol
2 Mindaa 3,000 ol
3 Mindaa 2,000 ol
3 Ogeessa Ogummaa Yaluun
alaa (2nd Degree) (MPH,
MSc, MA, MBA fi kkf )
Sagantaa Sandiwichiitin
150,000
4 Mindaa 1,500 ol
2 Mindaa 3,000 ol
3 Mindaa 2,000 ol
4 Ogeessa Ogummaa Yaluun
alaa (2nd Degre) (MPH,
MSc, MA, MBA fi kkf )
ispoonsarii dhuunfattin
100,000
4 Mindaa 1,500 ol
1 Mindaa 2,000 ol
2 Mindaa 1,500 ol
6 Ogeessa Diploma irra
carraa barumsa digrii
jalqabaa argate
50,000
3 Mindaa 1,000 ol
1 Mindaa 2,000 ol
2 Mindaa 2,000 ol
7 Ogeessa ”Diploma” irra
carraa bumsa Sagantaa
ganaa fi ispoonsarii
dhuunfatiin argate
25,000
3 Mindaa 1,000 ol
1 Mindaa 2,000 ol
2 Mindaa 2,000 ol
8 Ogeessa carraa barumsa
10+3 ykn Level IV
argatee
25,000
3 Mindaa 1,000 ol
38
1. Itti gaafatamaan dhaabbilee fayyaa fi waajjiraalee ykn
hojjataan itti gaafatamaan bakka bu’e qofa tilmaama Qarshii
ykn Qabeenyaa waabiif barbachisu gahaa ta’uu isaa
mirkaneesuudhaan ogeessa waadaa gale wajjin waalii ni
mallatteessa, kanaan ala raawwatamee yoo argame itti
gaafatamaan waabii wamsisee seeraan kan itti gaafatamu
ta’a.
2. Wabin qabeenyaan yoo ta’e, qabeenyii nama wabii ta’uu
gahaa ta’uu qamaa ilaalu irraa yoo mirkanaa’ee dhihaatee
wabii nama bakka bu’uu ni danda’a.
3. Wabummaan kan turu hanga hojjataa tajaajila irraa eegamu
xumuree dirqama isa irraa barbaadamu bahutti akka
qabamee turuuf dirqama qaba.
4. Wabiin dirqamni irraa akka ka’u barbade hojjataan hanga
nama birra bakka busuutti dirqamni irraa hin ka’u.
5. Namni wabii ta’u haadhaa manaa ykn abbaa manaa wajjiin
qaamaan dhihaatee mallatteesuu qaba.
6. Wabiin haadha manaa ykn abba manaa kan hin qabne yoo
ta’e, bulchiinsa ganda jiraatuu irraa ragaa dhiheefachu qaba.
25. Fooyya’umsaa
1. Qajeelfamnii Carraa leenjii lakkofsi 4/1998 qajeelfama kanaan
fooyya’ee jira.
2. waaligaltee carraa barumsaa qajeelfama lakkosa 4/1998
taasifame akkaataa qajeelfama kanaatiin hojii irra ni ola.
26. Dirqamaa Qajeelfama kana Raawwachiisuu
Hojjataan seekitara sadarkka kamiyyuu irraa jiru qajeelfama
kana akka hojii irra oolu dirqama cimaa kana qabu yoo ta’u,
faallaa qajeelfama kanaan raawwate yoo argamee seeraan
kan gaafatamu ta’a.
27. Yeroo qajeelfamni kun hojii irra oolu
Qajeelfamni kun Ebila 1 bara 2003 jalqabee kan hojii irra olu ta’a
39
LAKK. -6/2003
QAJEELFAMA JIJJIIRRAA, RAMADDII FI MIRGA HOJII
GADILAKKISUU FI HOJIITTI DEEBI’UU OGEEYYII FAYYAA
NAANNOO OROMIYAA
Bulchiinsa Qabenya Namaa manneen hojii Naannichaa keessatti
haala sirna qabeessa (Systematic) ta’een akka raawwatamuu fi
bu’aaleen sagantaalee leenjii irraa eegaman akka dhugooman
gochuudhaaf akka gargaaru Biiroo Sivil Sarvisii fi Bulchiinsa
Garii Oromiyaa akkaataa Labsii lakk. 132/2003 fi Labsii
Bulchiinsa hojjatoota Mootummaa lakk 61/94 keewwata 50/3 fi
88/2’n kennameef qajelfamoota Jijjirraa, Ramadii fi Mirga Hojii
Gadilakkisuu fi Hojiitti Deebi’u Ogeyyii Fayyaa Naannoo
Oromiyaa kanatti aanu basee jira.
Kutaa Tokko
Tumaalee Waliigalaa
1. Mata Duree Gabaabaa
Qajeelfamni kun "Qajeelfama Jijjiirraa, ramaddii fi mirga hojii
gadilakkisuu fi hojiitti deebi’uu Ogeeyyii Fayyaa seektara eegumsa
fayyaa Naannoo Oromiyaa Lakk. 6/2003" jedhamee waamamuu ni
danda'a.
2. Hiika
Akkaataan jechichaa hiika biraa kan kennisiisuf yoo ta'e malee
qajeelfama kana keessatti:
1. “Jijjirraa” jechuun jijjiirraa ogeeyyii fayyaa Dhabbilee Fayyaa
sadarkaa adda addaa fi waajjiralee irra gara dhaabbaata
fayyaa fi Waajjiratti ykn waajjira irra gara dhaabbaata
40
fayyaatti ykn Aanaa irra gara Aannaatti ykn Godina irra gara
Godinaatti jijjiiraa raawwatamuu jechuu dha.
2. “Ramaddii” jechuun ramaddii ogeeyyii fayyaa Minsteera
eegumsa fayyaa irraa ergamanii Godinalee fi Dhaabbilee
fayyaatti ergamaan ykn Godina irraa gara Aanaaleetii
ergamaan jeechudha.
3. ”Qaxarii” jechuun dhaabileen Fayyaa ykn waajjiraleen
ogeesoota Fayyaa ulagaa barbachisaa ta’e akkataa unkaa
Komishinii Sivil Sarvisii Oromiyaa ttin guuchisiissuun
xalayaa qaxarii kennan jechuudha.
4. "Ulaagaalee Jijjiirraa" jechuun dhimmoota akka dheerina
yeroo tajaajilaa, iddoo tajaajilaa, rakkina fayyaa, rakkina
maatii fi kkf yeroo koreen jijjiirraa fi ramaddii dhimmaa
jijjiirraa ilaalu akka qabxii dorgommiitti ilaalcha keessa
galchuu dha.
5. ”Hojii gadilakkisuu” jechuun ogeessa tajaajila irraa egamu
xumuree ragaa tajaajila isa ibsuu kennameef jechuu dha.
6. ”Hojiitti deebi’uu ogeeyyii” jechuun ogeeyyii fayyaa Tajaajila
irraa eegamu xumuranii waraqaa hojii gadilakkisuu
fudhataan ykn tajaajila irraa eegamu osoo hin xumurin hojii
irraa badan ykn tajaajila irraa egamuu xumuranii ragaa hojii
gadilakkisuu osoo hin fudhatin erga deemani booda hojiitti
deebi’uuf iyyatanii hayyamameef jechuu dha.
7. ”Ogeyyii ol’aanaa” jechuun ogeyyii sadarkaa diigrii duraa fi
isaa ol qaban jechuu dha.
8. ”Wirtuu qormaanii itti kenamu” jechuun bakka Godinaalee
ollaa lamaa ol iddoo tokkotti qormaanni itti kennamu jechuu
dha.
9. ”Ogeesota ol’aanaa” jechuun ogeessotaa sadarka digrii duraa
fi isa ol qaban jechuudha.
41
10. Ramaddii Sadarkaa waajjiraalee fi Hospitaalota qajeelfama
onnachiftuu maallaqaa keessatti ibsame qajeelfama kana
keessatis raawwatiinsa ni qabaata.
11. Qajeelfama kana keessatti jechi korniyaa dhiiraaf himame
dubartiis nidabalata.
3. Daangaa Raawwatiinsaa
Qajeelfamnii Kun ogeyyii fayyaa dhaabilee fayyaa fi Waajjiralee
Eegumsa Fayyaa sadarkaa kamiyyuu jiraan irratti kan
raawwaatamu ta’a.
Kutaa Lamaa
Ramaddii Ogeeyyii Fayyaa
4. Akkaataa ramaddiin ogeeyyii Fayyaa haarawaa itti
raawwatamu
1. Ramaddiin ogeeyyii fayyaa ol’aanaa kamiyyuu kan
gaggeefamu sadarkaa Biiroo Eegumsa Fayyaatin qofa ta’a.
2. Qaxariin ogeeyyii sadarkaa Diplomaa ykn Level IV kamiyyuu
qormaata gahumsaa (COC) fudhaatanii kan darban
dorgomsisuudhaan qofa ta’a.
3. Qaxariin ogeeyyii fayyaa sadarkaa Diploma waggatii al tokko
ta’e haala qaxarii ilaalchisee Biiroon kan murtessuun kan
raawwatamu ta’a.
4. Iddoo duwwaa, baajataa fi gosa ogummaa barabaachisu
hanga Hagayya 30tti Aanaan qindeesee Godinaaf ni dabarsa.
5. Godinni fedhii Aanaa fi hospitaala irraa dhihaatu qindeessee
hanga Fulbaana 15tti Biirroof ni dabarsa.
6. Gita duwaa, bajataa fi gosa ogumma keewwataa kana
kewwata xiqqaa 4 fi 5 irratti ibsamee yeroo jedhamee booda
dhihaatuu irratti qaxariin hin raawwatamu.
42
7. Biiroon feedhii godinalee irraa dhihatuu irratti
hundaa’udhaan ulaagaa qaxarii basudhaan yeroo
murteessee galmeen akka gaggefamu Godinaleef ni
dabarsaa.
8. Galameen kan gaggeefamu ogeeyyiin iddoo itti qaxaramuu
barbaadanitti qaamaan argamuudhaan qofa ta’a.
9. Biiroon akkataa baayina hojii barbaadotaa tilmamaa keessa
galchuudhaan wiirtu qormanni itti kenamu ni murteessa.
10. Wirtuun qormaani itti kenamu hanga danda’ametti
Godinaalee ollaa iddoo tokkotti kan ammatu ta’a.
11. Koreen qormaata kennu fi ramadii gaggeessu Biiroo fi
Waajjira Eegumsa Fayyaa Godinaa irraa kan walitti bahaniin
ta’ee baayyina isaanii Biiroon ni murteessa.
12. Qormaani sadarkaa Biirootti qopha’ee wirtuu hundaa irratti
al-tokko ni kenamaa.
13. Hojjii barbaadoni qormaata wiirtuu tokkotti fudhatan
qabxiin isaanii erga beekkamee booda iddoo duwaa wirtuu
keessa jiru irraatti carradhaan ni ramadamuu.
14. Ramadiin ogeeyyii Godinalee wiirtuu keessatti argaman
carradhaan kan ramadaman akkuma egametti ta’e ogeeyyin
carran bahee waal jijjiruu ni danda’u.
15. Ogeeyyiin qormaata darban godina itti ramadamanitti
guyyaa hojii 7 keessatti dhihaatanii yoo hin qaxaramne
iddoo isaanii ogeeyyiin eeggattoon itti aanan akka
qaxaraman ni taasifama.
16. Iddoo duwaan sababa adda addaattin jiru jechuunis iddoo
namnii irra du’ee, hojii gadilakkisee fi hojii irra badee yoo
jirate ogeyyii qormaata darbaan yeroo ji’a sadii hin caalee
keessatti eegataa ta’aanii qaxaramuu ni danda’u.
17. Qaxarii haraa ilalchisee Godinaleen Shawwaa Bahaa,
Shawwaa Kaabaa, Shawaa Kibaa Lixaa bara bajataa
43
keessatti iddoo Sadarkaa ’’Adaa’’ ’’A’’ fi ’’B’’ qaxariif qaban
walakaa (50%) qaxariidhaan walakaan (50%) jijjiraadhaan
kan gutamu ta’a.
18. Iddoo duwaan Magaalaa Adamaa, Asallaa, Shaashamanee,
Bishooftuu, Jimmaa, Naqamtee fi Magaalota Godina Addaa
Naannoo Finfinnee kan gutamuu qaxarii haaradhaan osoo
hin taanne sadarkaa Biirotti jijjiiradhaan qofaa ta’a.
19. Keewwata kana keewwataa xiqqa 17 fi 18 akkuma eegametti
ta’e iddoo duwaa jijjiradhaan gutu hin danda’amnetti qaxarii
haaradhaan ni guutamaa.
20. Qaxariin hospitaala keessatti kan gaggeefamu sadarkaa
Biirotiin qofaa ta’a.
21. Qaxarri ogeeyyii sadarkaa digrii, Minsteera Eegumsa Fayyaa
irra ergamaan Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa akkataa
feedhii Godinalee fi Hospitaalootiin carradhaan ni
ramadamu.
22. Iddoo duwwaa kamiyyuu beeksisnii osoo irratti hin bahinii fi
dorgomiin irratti hin gaggefamin qaxarriin haaraan hin
gaggeefamu.
23. Itti gaafatamaan hojii sadarkaa kamiyyuu irraa jiru Ogeesa
Fayyaa beekumsaa Biiroo Eegumsa Fayyaatiin ala qaxare
yoo argamee qaxariin kan haqamuu ta’e itti gaafatamaan
qaxarii seeraan alaa raawwatee baleesaa namusaa cimmaa
akka raawwaateetti ilaalamee hangaa hojii irraa gaggefamuu
gahutti tarkaafiin namusaa irratti ni fudhaatamaa.
44
Kutaa Sadi
Jijjiirraa Ogeeyyii Fayyaa
5. Jijjiirraa iddoo mana hojii keessatti gaggefamu.
1. Iddoo duwaa mana hojii sadarka kamiyyuu keessa jiru duran
dursee hojjatoonii mana hojii carraa akka argataan beeksisaa
ifa ta’e ni baha.
2. Ogeesi mana hojii jiru erga jijjirame iddo qabatee boodaa iddoo
duwaa haafetti ykn iddoo ogeesii irraa jijjirametti beeksisaa
jijjiraa hojjatooni seekitara fayyaa keessa jiraniif ni baha.
3. Beeksisni jijjiiraa iddoo duwwaa hojjatoota seekitaraaf bahe jiru
irratti hojjataan jijjiramuu yoo hin jiraanee beeksisa qaxari ifa
ta’een dorgomiidhaan iddoo duwaan akka gutamuu ni ta’a.
6. Jijjiirraa Rakkoo Ogeeyyii irratti hundaa’ee raawwatamu :
1. Jijjiirraan rakkina maatii irratti hundaa’u ragaa amansiisaa
fi qabatamaa ta'an irratti hundaa’ee kan raawwatamuudha.
2. Ogeessa Fayyaa sababa dhukubaatiin bakka wal’aansaa
argatutti jijjiirraa gaafate ragaa mana yaalaa boordii
hakiimootaatiin mirkanaa'e yoo dhiyeeffate dorgommii
keessa osoo hin galiin jijjiirraan raawwatamuufi ni
danda'ama.
3. Ogeesota Fayyaa hadhaa manaa fi abbaa manaa iddoo adda
addaa hojjetan ragaa fuudhaa fi heeruma turmaata waggaa
tokkoo fi isa ol qabu dhiyeeffatanii fi yoo xiqatee waggaa
tokkof tajaajila irra eegamu yoo Kennan iddoo fi bajani
duwaan yoo jiraate dorgomii malee jijjiraan ni taasifamaaf.
4. Jijjiirraan Gaaffii Ogeessaatiin dhihatuu deebisuuf ogeesi
tajaajilaa fi dirqama qajelfama kana keessatti ibsame irraa
barbaadamu yammuu bahanu iddoo duwaa jiru irratti
dorgomiidhaan ni jijjiirama.
45
28. Jijjiira Naannoon alaa
1. Jijjiraan ogeessota Fayyaa naannoo oromiya irra gara
naannoo birratti ykn naannoo biraa irra gara naannoo
keenyaatti taasifamuu akkaataa qajeelfama Biiroo Sivil
Sarvisii fi Bulchiinsaa Gaarii Oromiyaatiin ni gaggefama.
2. Akkataa keewwaata kana keewwaataa xiqqa 1 irratti
ibsameen ala jijjiraan raawwate yoo argamee koree jijjiiraa
raawwaatee fi itti gaafatamaa jijjiiraa ajajee fi mirkaneesee
irratti tarkafiin namuusaa cimaan ni fudhaatamaa.
46
8. Gabatee yeroo jijjiraan itti dhihatuu
Lakk Sadarka
jijjiiiraan
itti
dhihaatuu
Yeroo
jijjiiraan itti
dhihaatuu
Yeroo
jijjiraan
itti
murta’uu
Yeroo qama
jijjiira
gaafateef
deebiin itti
kenamuu
Hojjataan
carraa jijjiira
argatee yeroo
iddoo hojii
haraatti
gabassu qabu.
Adoolesaa
1-30
Haggayaa
1-15
Hagayyaa
16-30
Fulbana 1-15 1 Aanaa
Amajii 1-
30
Guraand
halaa 1-
15
Guraandhal
a 16-30
Bitooteessa 1-
15
Haggayya
1 hangaa
Fulbana
15
Fulbaana
16-30
Onkolooless
a 1-15
Onkoleelassa
16-30
2 Godina
Guraandh
ala 1-30
Bitootesa
1-15
Bitootessa
16-30
Ebila 1-16
Fulbaana
1-30
Onkoloole
ssa 1-15
Onkolooless
a 16-30
Sadaasa 1-16 3 Biiroo
Bitootessa
1-30
Ebila 1-
15
Ebila 16-30 Caamsaa 1-16
1. Gaafiin jiijjira sadarka kamituu yeroo gabatee armaan olitti
tuqameen ala dhihaatu fudhatama hin qabu.
2. Waajjiraaleen sadarkaa hundatuu jiran gaaffii jijjiira hojjetoota
irraa dhihatuu yeroo jedhame keessatti qaama ilaaluuf
dabarsuuf dirqama kan qaban yoo ta’u itti gaafatamaan yeroo
jedhame keessatti qaama ilaaluuf hin dabarsine naamusaan kan
gaafachisuu ta’a.
3. Tajaajilli yeroo jijjiiraa akka armaan gadditti ni shallagamaaf.
47
a. Sadarkaa ”C” irratti tajaajili waggaa tokko akka wagaa
tokoo fi Ji’a jahatti (11/2)
b. Sadarkaa ”B” irratti tajaajili Waggaa tokkoo akka tajaajilaa
wagga tokko fi ji’a saditti (11/4) ni shallagamaaf.
4. Ogeesi tajaajili isaa wagga tokko hin guunne carraa jijjiira hin
danda’u, shallagiin kewwata kana keewwaataa xiqaa 3 (a fi b)
irratti ibsame hin ilaalatuu.
5. Keewwata kana keewwata xiqqaa 4 jalatti kan ibsame akkuma
eegametti ta’ee ogeessi rakkina fayyaa qabachu isaa boordii
hospitaalaa beekkamaa irraa dhiheefachuu danda’amuuf ni
ilaalamaaf.
9. Gabatee yeroo jijjiraaf iddoo duwaa, bajaataa fi gosaa
ogummaa barbachisuu itti dhihaatuu.
Lakk Waajiraa Yeroo jijjiraan itti dhihaatuu
Adoolesaa 1-30 1 Aanaa irraa gara Godina
yeroo gahuu qabu Amajii 1-30
Fulana 1-30 2 Godina fi Hospitaala irra
gara Biiroo yeroo gahuu
qabu
Gurandhalaa 1-30
1. Akkaataa gabatee yeroo armaan olitti ibsameen ala iddoo duwaa
fi bajataa dhihaatuu irratti jijjiraan hin gaggeefamuu.
2. Akkaataa gabatee armaan olitti dhihaateen iddoo duwwaa,
baajataa fi gosa ogumma dhiheesuu malee ogeessa kamifuu
qamni xalayaa deegarsaa keennee baddii namusaa cimma akka
raawwateti ilaalamee tarkaafin kan irratti fudhatamu ta’a.
48
10. Unkaa qabxii shallagii jijjira.
Lakk Gosaa Jijjiraa Qabxii
kenamuuf
Ibsaa
1 Tajaajila wagga
tokkoo fi qabxii
1
41 qabxiin ol aanaa
kanamuu qabxii 36
caaluu hin qabu
2 Bu’aa raawwii
Hojii
59
3 Dubartootaaf fi
Qaama
midhamtootaf
+3
1. Shallagii qabxii bu’aa raawwii hojiitiif qabamee koreen
manaajimantii mana hojii qabxii kennuun ta’e BSC yeroo
hojii irraa oolluu jalqbee qabxii isaan kennamuun kan bakka
bu’u ta’a
2. Waajjiraaleen sadarkaa sadarkaan jiraan ofeeggannoodhaan
qabxiii Bu’aa raawwii gutuudhaan qaama itti aanuutti gaafii
jijjiiraa waajjin dabarsuu qabu.
11. Hundeeffama koree jijjiirraa fi ramaddii
1. Jijjiirraa fi ramaddii ogeeyyii fayyaa koree jijjiraa fi ramadii
miseensa nama 5 qabuu sadarka Biiroo keessatti Hooggana
Biiroottin, waajjiralee sadarka kamiyyuu jiraan keessatti
itti gaafatamaa waajjirattin ni hundeefamaa.
2. Miseensota koree Sadarkaa Biiroo:
a. Gaggeesaa Adeemsa Hojii Bulchiinsa Qabeenya Nama
walitii qaba.
b. Hooggantoota Hojii ol’aannoo ykn jiddugalessa keessa
namooni sadii (takka dubrtii ta’u qabdii) miseensaa.
49
c. Raawwaataa Adeemsa bulchiinsa Qabeenya Namaa
Miseensaa fi Barreessa
3. Miseensaa koree sadarkaa waajjiralee Godinalee fi Aanaalee:
a. Itti gaafatamaa waajjiratiin kan bakka walitii qaba.
b. Itti gaafatamaa waajjiratiin kan bakka bu’aan namootaa
sadii (yoo xiqatee tokka dubartii) miseensa.
c. Raawwaataa Qabeenya Bulchiinsa Nama barreesaa fi
Miseensa.
12. Aangoo Jijjiraa waajjiraalee sadarkaa hundaa jiraan
1. Aanaan ogeyyii dhaabilee fayyaa isaa keessatti hojjataan
dhaabbata fayyaa tokko gara dhaabbata fayyaa biraatti ykn
dhaabbata fayyaa irra gara waajjira eegumsa fayyaatti
jijjiiraa gaggeessu ni danda’a.
2. Waajjirri eegumsa fayyaa Godinaa ogeyyii aanaa tokko irra
gara aanaa biraatti ykn aanaa irra gara Waajiiraa eegumsa
Fayyaa Godinaatti jijjiiruu ni danda’a.
3. Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa jijjiiraa waajjira
Eegumsa Fayyaa godina ykn Magaalaa naannootti
wamamaan fi Hospitaa tokko irraa gara godina, Magaalaa fi
Hospitaa biraatti ykn gara Biirootti jijjiiruu ni danda’a,
4. Waajjiraaleen armaan olitti ibsaman aangoo keewwata kana
keewwata xiqaa 1-3 ala jijjiraa raawwatee argame jijjiiraan
kan haqamu ta’e koree jijjiraa raawwatee fi itti gaafatamaa
jijjiraa mirkanesee irratti badii namusaa cimma akka
raawwatanitti ilaalamee tarkafiin namusaa irratti ni
fudhaatamaa.
50
13. Akkaataa gaafiin jijjiirra ogeyyii irra dhihaatuu.
1. Gaaffiin jijjiirraa hojjetaa, dhaabbilee fayyaa fi waajjira
Hojjata keessatti hojjetuuf unka jijira gutuudhaan gama
waajjirattin qinda’e kan dhihaatuu ta’a.
2. Ogeeyyiin fayyaa kamiyyuu unkaa jijjiraa guutudhaan alaa
dhimma jijjiratiif iddoo hojii irra deemuu hin qaban.
3. Gaafiin jijjiraa ogeyyii irra dhihaatu sababa raawwatoota
Hoggansa qabeenya Namaatti yeroo jedhamee keessatti
darbuu batee carraan jijjiirraa irra darbe hojjataa gahee isaa
hin bannee irrattii tarkaafiin naamusaa ni fudhatama.
4. Waajjiralee fi Dhaabbileen Fayyaa kamiyyuu iddoo duwaa
yoo qabataan qama dhimmii ilaaluf ibsuudhaan ala waraqaa
deegarsaa ogeeyyii fi namoota dhufatiif kenuun dorkkadhaa.
14. Haala Gaaffiin jijjiirraa itti keesumaa’u.
1. Hojjetaan Fayyaa tokko tajaajila gahaa qabaatee jijjiirraa
gaafatee kan argachuu qabu yoo ta’ellee hanqini humna
namaa dhaabbaticha fayyaa keessa yoo jiraatee fi namni
bakka bu’uu hin jiranee jijjiirraa gaafate hangaa ji’a 3 tti
qofa tursiisuun ni danda’ama.
2. Ogeesa Fayyaa jijjiirraa gaafatu unkaa jijjira irratti yoo
xiqqaate filannoowwan iddoo sadi(3) tartiiban fedhii isaa
ibsuun guutuu qaba.
3. Raawwataan Humna Namaa sadarka kamiyyuu jiru ogeyyii
jijjiraa gafataan unkaan seeraan gutamuu mirkaneesudhaan
guyyaa 5 dura qama jijjiraa ilaaluuf dabaruu qabu.
15. Dheerina Yeroo Tajaajilaa Jijjiirraaf Barbaachisuu
Ogeesii fayyaa kamiyyuu jijjiirraa gafachuuf yoo xiqatee
tajaajila waggaa tokko iddoo itti ramadametti kennu qaba.
51
Kuta Afur
Mirgaa hojii Gadi lakkisuu fi hojiitti deebi’uu ogeeyyii fayyaa .
16. Hojii gadilakkisuudhaf
Dheerini yeroo tajaajila gaafii seeran hojii gadilakkisuu
dhiheefachuuf akka dirqamaatti duraan dursee ogeessa
koolleejoota ykn yunivarsitoota mootummaa irra eebifaman
irra eegamu akka armaan gaditti ka’ameera.
Sadarkaa dhaabbilee
Fayyaa ykn Waajjiraalee
Lakk Gosa ogummaa
Addaa ”A” ”B” ”C”
1 BSc/BA 3 2
1
/
2
2 11/2
2
MD fi ogeesa
Ispeeshalistii
5 4 3 2
3 MPH, MSc, MA fi
kkf
31/2 3 2 1/2 2
1. Ogeessi sagantaa Gannaa, fagoo ykn saanduchii fi ispoonsarii
dhuunfaatiin carraa baruumsaa argate guyyaa eebifamee hojii
jalqabe irraa ka’ee sadarkaa kamituu tajaajila waggaa lamaa
kennu qaba.
2. Hakkimoota dhuunfaadhaan ogummaa ispeeshalistii barataanii
naannoo keenya keessatti feedhidhaan hojjachu barbadaan
tajaajila wagga tokko erga kennan booda waraqaan hojii gadii
lakkisuu ni kenaamaaf.
52
3. Hojjata seekitaraa fayyaa dirqama tajaajila irra eegamu fixatee
carraa barumsa gababaa argatee dirqamni irra egamuu:
a. Leenjii gababaaf dirqama tajaajila ji’a 6
b. Hakkimoonii leenjii ji’a sadii ogummaa ”Comprehesive
Emergency Obstetric and newborn Care” fudhataan
waggaa tokkoof hospitaala ispoonsarii godhee barsisee
tajaajila kennuu qaba. Ogeessi tajaajila waggaa tokko
hin tajaajileef carraan barumsaa fi jijjiraa, hojii gad-
lakkisuu hin kenamuuf.
4. Ogeyyii fayyaa dirqamaa leenjii dheeraa osoo hin xumuree
leenjii gabaabaa fi gidduu galeessaa aragataan dirqamni
lamaanuu ida’amee akka bahaan ni taasifama.
5. Hojjataan fayyaa tokko dirqama tajaajila irra eeggamu bahee
hojii yoo gadilakkisuu barbaade iddoo isaatti hanqini ogeessa
yoo jiratee yeroo ji’a 3 hin caaleef tursisuun ni danda’ama.
17. Haala Gaafiin Hojii Gadilakkisuu Itti Keessuma’uu.
1. Gaafiin hojii gadilakkisuu ogeeyyii fayyaa sadarkaa
hundaayyuu kan dhihaachuu qabu dhaabbilee fayyaa ykn
waajjiralee eegumsa fayyaa keessatti ramadaamanii
hojjetaniifidha.
2. Hayyamaa hojii gadilakkisuu ’’Release’’ kan kennu danda’u
Biiroo Eegumsa Fayyaatiin qofa ta’a.
3. Ogeesii fayyaa tajaajila irraa egamu xumuruu isaa kan
ibsuu iddoo hojii isaa irraa ragaa yoo dhiheefate waraqaa
hojii gaddi lakkisuu Biiroo irra kan kenamuuf ta’e, qaamnii
ragaa kennee garagalchaan qama ilaaluf ni beeksisa.
4. Ogeesootaa ol’aanaadhaaf ragaa muxxaannoo hojii
kennuu kan danda’uu Biiroo qofa ta’a.
5. Ogeesaa Biiroodhaan ispoonsar ta’e baratee tajaajila irra
egamuu osoo hin xumuriin hojii irra badee dhuunfaan
53
dhaabilee dhuunfaa ykn mitii mootummaa naannoo keessa
jiranitti qaxaramee hojjatuu hin hayyamamuuf.
6. Ogeessi ispoonsarii mootummaan baratee tajaajila irraa
egamuu osoo hin xumuriin dhaabbilee dhuunfaa, mit
mootummaa fi dhaabiilee misooma Mootummaa naannoo
keessatti qaxaramee yoo argamee ogeesaa kana hanga
guyyaa 15 keessatti akka hojii irra dhaabatuu off eegannoon
dhaabbata hojachissuuf ni barreefamaa.
7. Dhaabbilee dhunfaa fi misoomaa naannoo keessa jiraan ykn
dhaabba miti-mootummaa naannoo keessatti sochoo’an
xalayaan of eeggannoo kenamee ogeesaa seeraan ala
qaxaramee irratti tarkaafii kan hin fudhaanee yoo ta’e
hayyaamaa kenameef Biiroon Eegumsa Fayyaa oromiyaa ni
haqa.
8. Ogeessi Fayya tajaajila irraa eegamu erga xumuree booda
seeran ala hojii irraa badee wagga 1f waraqaa qulqulina
argachuu hin danda’u.
18. Mirga hojiitti deebi’u ogeeyyii fayyaa
1. Ogeesi fayyaa tokko tajaajila irraa egamuu yoo xumuree illee
akkaataa seeraan hayyamameen ala yoo hojii irraa badee
mirgaa hojiitii deebi’uu hin qabuu.
2. Keewwataa kana keewwata xiqqa 1 akkuma egamuutti ta’e
ogeesii seeraan ala hojii irra badee ogumma hanqini ogesaa
naannoo keessa jiru kan qabu yoo ta’e qofa hojiitti
deebissuun ni danda’ama.
3. Ogeesi hojiitti deebi’uu hayyamameef iddoo duraan tureetti
ykn sadarkaa duraan waalfakkaatuttii qofaa hojitii debii’u ni
danda’a.
4. Ogeesi seeran ala hojii gadilakkisee hojii mootummaatti akka
deebi’uu yoo hayyamameef mirgaa ogeeyyii fayyaa
mootummaatiif akka eegamuuf hayyamame kan akka jijjiiraa,
54
carraa barumsaa, deebi’anii hojii gadilakkisuu fi kkf
argachuudhaaf yoo xiqaate tajaajila waggaa 2 keenuu qaba.
5. Ogeesii seeran hojii gadilakkise hojii mootummaatti akka
deebi’u yoo hayyamameef mirgaa ogeeyyii fayyaa
mootummaatiif akka eegamuuf hayyamame kan akka jijjiiraa,
carraa barumsaa, deebi’anii hojii gadilakkisuu fi kkf
argachuudhaaf yoo xiqaate tajaajila waggaa 1 keenuu qaba.
19. Qajeelfamoota hojii irra hin olee fi adabbii
1. Qajeelfamonni mallaqaan alaa ogeyyii fayyaa lakk. 04/1998
qajeelfama kanaan bakka bu’ee jira.
Itti gaafatamaan qajeelfama kanaan faalaa raawwatee
tarkaanfiin seeraa kan irratti fudhatamu ta’a.
21. Yeroo Qajeelfamichi hojjirra itti oolu.
Qajeelfamnni kun Ebila 1 bara 2003 irra jalqabee hojii irra ni
ola.
55
Guyyaa _______________________
__________________________ tiif
______________
Dhimmaa :-Jijjiraa Gaafachuu ilaala
Akkuma mata duree irratti ibsuu yaaleetti sababa
___________________________________________________________________ttin
iddoo armaan gadditii jijjiramuu barbadee jira.
Iddoo jijjirmanuu barbaduu
Filannoo Godina Aanaa Maqqaa
Dhaabilee
Fayyaa
Ibsaa
1ffaa
2ffaa
3ffaa
Nagaa Wajjin
Maqqaa iyyaataa __________________________ Mallattoo _________________
Guyyaa _____________________________
Hunachisaa
1. Filannoo iddoon sadii kan barbachisee hojjataa filannoo 1ffaa
irratti dorgomee carraa dhaabbee filaannoo 2ffaa irraa dogomuu
kan danda’u yoo ta’e ammas filannoo 3ffaa irratti dogomuuf
carraa akka qabu agarsisuuf
2. Hojjataan jijjira gaafatuu yoo barbadee iddoo tokkoo ykn lama
ykn iddoo sadeenuu gaafachuu ni danda.
56
Uunkaa Murtee Koree Jijjiirraa Iddoo Mana hojii hojatichaa
3. Maqaa Iyyataa .................................................................
4. Ogummaa ......................................
5. Iddoo amma tajaajila jiru ................. Sadarkaa .................
6. Mindaa ........................ 5. Lakkosaa Bilbilaa Biiroo ......................
Mobayilii..................
7. Bara qaxaraa, Guyyaa ...............ji'a ............Bara ...................
Iddoo jijjirraan itti gaafatame
1. __________________________________________________________________
2. __________________________________________________________________
3. __________________________________________________________________
Sababa jijjirraan gaafatameef gabaabaatti
______________________________________________________________________
______________________________________________________________________
Yadaa koree iddoo hojii
______________________________________________________________________
______________________________________________________________________
______________________________________________________________________
1. Maqqaa ____________________ Mallaattoo _________ Guyyaa _________
2. Maqqaa ____________________ Mallaattoo _________ Guyyaa _________
3. Maqqaa ____________________ Mallaattoo _________ Guyyaa _________
Mallattoo______________________________Guyyaa _______________
Itti gaafatamaa Mirkaneesee
Maqa _________________________________________________
Mallattoo______________________________Guyyaa _______________
57
Lakk ______________________
Guyyaa ____________________
Waajjira Eegumsa Fayyaa Godina _____________________
__________________
Dhimma:- Unkaa jijjira erguu ilaala
Akkumaa mata duree irrattii ibsuu yaalameetti hojjataa Aanaa keenyaa
kan ta’e __________________________ jijjiiraa gaafataan unkaa iddoo
jijjiraa gaafataan kan ibsuu fuulaa ________ xalayaa gaggesitu kanan
isin erginee ta’u ni beeksisaa.
Nagaa Waajjin
58
Lakk ______________________
Guyyaa ____________________
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa tiif
Finfinnee
Dhimma:- Unkaa jijjira erguu ilaala
Akkumaa mata duree irrattii ibsuu yaalameetti ogeeyyii Aanaalee adda
addaa irra jijjiraa Godinalee keenyaa ala gaafatan:
1. Koopii iyyaataa Hojjatootaa
2. Murtee koree jijjiraa iddoo hojii isaanii
3. Unkaa ogeyyii jijjiraa akka Godinatti qinda’ee waalumaa
gala fuulaa ________ xalayaa gaggesituu kanaan kan isin
erginee ta’u ni beeksisaa.
Nagaa Waajjin
63
62
Unkaa Murtee Koree jijjiraa Sadarkaa Kamiyyuu
Murtee Koree jijjiraa Lakk Maqaa Hojjataa
jijjiraa Gaaftee
Iddoo
Gaafatee Godina Aanaa Maqaa
Mana Hojii
Jijjiraa kan hin arganee yoo ta’ee
sababa hin arganeef
Hubachisaa
Sababaa jijjira hin arganee keessa:-
1. Hojjatoonii Tajaajilaan caalaan waan mo’ataanii
2. Iddoon jijjira gaafatamee duwaa waan hin qabneef
3. Iddoo jijjiraan gaafatamee bajataa waan hin qabneef
60
Waajjira Eeguma Fayyaa _____________________________
Unkaa iddoo duwaa Godinalee irra qinda’ee Biiroof ittin ergamuu
ergamuu
Lakk Aanaa Gosaa ogumma
barbadaan
Ka’umsa
mindaa iddoo
duwaan qabu
1.
2.
3.
4.
5.
6.
7.
8.
9.
10.
11.
12.
13.
14.
15.
16.
17.
18.
19.
20.
21.
22.
23.
24.
61
Ogeesaa Unkaa Kana qopheesee
Maqqaa ______________________________ Mallaattoo _________________
Guyyaa ________________________________
59
Waajjiraa Eegumsa Fayyaa Godina/Hospitaala /B/Magaalaa __________________________
Unkaa Jijjiraa Sadarkaa Godinaa/Hospitaalaa fi B/Magaalaatti Qinda’ee Biiroof itti darbuu
Tajaa
jila
Iddoo Jijjiramuuf
gaafatee
Bilbila
a
Hojjata
a, kan
mana
hojii fi
Fax
O
g
u
m
m
a
a
Sadark
aa
Sababa
jiijjiiraa
La
kk
Maqa
a
Hojjat
aa
hanga
akaak
ayyutt
i
Saala
Idd
oo
am
ma
a
jiru
Sada
rkaa
Godina/M
agaalaa
Maqaa
mana
hojii
1. 1. 09
2. 2.
3. 3.
1
2. 2.
Ogeesaa Unkaa Kana qopheesee
Maqqaa ___________________________ Mallaattoo _________________________ Guyyaa _________________