trondheim norway bara 2018

64
Trondheim Norway Bara 2018

Upload: others

Post on 16-Nov-2021

1 views

Category:

Documents


0 download

TRANSCRIPT

Trondheim Norway Bara 2018

Kan barreessee dhiyeessen wal baraa!

Luba Tamasgeen Dhabbasaa Birruu jedhama. Nama haadha manaa tokko qabuu fi abbaa

ijoollee sadii ( dhiira lamaa fi durba tokko) qabu dha. Iddoon jireenya koo biyya Norwayiitti.

Sadarkaa baruumsaa: Apopologetics and Theologyiin Masterisii fudhadheera.

Waamicha Lubummaa kan naaf goote waldaa ani jaalladhuuf har’as keessatti sagalee

Waaqayyo sooree irraas sorrachaa jiru, Waldaa Kristiyaanaa Warra Wangeelaa Oromo

Trøndelag/WKWWOT/ magaala Trondheim, Norwayiitti argamtuu fi Waldaa warra

Lutheraan Norway irraa Lademoen ykn afaan warra Norayiin Lademoen Kirke jedhamtuu fi

Nidaros bispedømme waliin ta’uu dhaan bara 2013 mudame hojii lubuummaatti bobba’e

Bara 2009 jalqabee amma har’atti Waldaa Kristiyaanaa Warra Wangeelaa Oromo

Trøndelag/WKWWOT/ Trondheimitti argamtu irraa tajaajilaa otuun jiruu bara 2015 jalqabee

dabalataan waldaa warra Lutheraan Norway keessaa waldaa maqaan ishee ‘Bakke Kirke’

jedhamtee waamamtuutti qacarameen hojjechaa jira.

Waamichii koo Wangeela Kristos akkan labsuuf warra soda dukkanaa fi du’a jala jiran gara

ifaa fi aragalfii isa ta’ee fuula gooftaa dura fiduu dha. Akkasumas immoo mul’ata haaraan

gooftaa harkaa fudheen calchiisee hojjedhuuf, bultii digamee deebisee dhaabuuf, mana

babadee deebisee ijaaruuf , ijoolee tatamsa’an akka sagalee isaatti walitti fiduuf gooftaan

lapheekoo keessa kaa’eera. Waldaan Kristiyaanaa muka walitti qabamee ijaaramee bakkeeti

mul’atu otuu hin ta’in laphee Maatii Kristiyaanaa warra amantiidhaa fi dhugaa, sodaadhaa fi

jaalalaan fuula gooftichaa dura dedebi’anidha. Caalmaatti bara amma keessa jiruu kana

kabajiif ulfinii bultiin qabuu iddoo dhabuudhaan , maatiin diigamee, ijooleen fafaca’anii,

balaa garaagaraaf yeroo isaan saaxilaman guddaa na gaddisiisa.

Wantii beekamuu qabu, namnii maatii diigee Waldaa mana Waaqayyo diigu isaa akka ta’e

walaaluu isaatti,. Namnii mana Waaqayyo diigu immoo abaramadha.

Kanaafuu, Gaa’ila rakkoon mudatee jeeqamaa keessa jirtuuf, otuu hin digamiin dura fala

barbaachiisaa ta’ee kenuufiif qopha’a dha.

Dhuma irratti, Macaafa Jireenya Maatii Kristiyaanaa fi Adeemsa Gaa’ilaa Kana dubbisuun

jireenya keessanii fi jireenya maatii keessanii oolchuu akka dandeessan abdii guddaan qaba.

Waaqayyo isisn haa eebbisu!

Yaada yoo qabaatan naaf barreessaa;

Temesgen Dabessa Birru /Rev./

Brundalsgrenda 26, 7058 Jakobsli, Trondheim.

E-mail address: [email protected]

Website: www.oromochurchtrondheim.org

Galata!

Waaqayyo mul’ata tokko yeroo nama keessa kaa’u, ija hojii isaas akkasuma duukaa

nama sana irraa ni barbaada. Haa ta’u iyyuu malee, dadhabbii namaatti kan ija

godhus isuma goofticha duwwaadha. Macaafa jireenya maatii Kiristiyaanaa fi

akkaataa Adeemsa Gaa'elaa kan calaqqisiisu kana akka ani barreessu kan mul’ata

na keessa kaa’ee fi isa na gargaare Waaqayyoof galanni guddaan haa ta’u!

Yeroon macaafa kana barreessu jireenya waggaa digdamii lama guutuu waliin

dabarsine fakkeenya fudhachuun akkasumas yaada dabalataa naa kennuun kan na

gargaarte, haadha manaa koo Aadde Kumashii Yiggazuu Bonjee baay’een

galateeffadha.

Barreeffama kana seecca’uu fi sirreessuun akkasumas immoo yaada naa kennuun

kan na gargaaran Luba Dr. Debela Birrii, obboleessa koo Tolawaaq Gurmeessaa fi

Luba Dassaaleny Mangashaa hedduun galateeffadha. Fulduree isaa fi booda isaa

isa afaan Faranjiin Cover jedhamuu kan nagargaaree mucaa koo Sanyii Tamasgeen

guddaan galateeffadha. Barumsa Jireenya Maatii Kristiyaanaa fi akkaataa Adeemsa

Gaa'ilaa barsiisa kennaan ture keessatti yaada naa hiruun na cina dhaabbachaa kan

turtan maraaf Waaqayyo isin haa eebbisu jechuun jaalladha.

Luba Tamasgeen Dhabbasaa Birruu

Seensa

Macaafa kana akkan barreessuuf dhimmi guddaan na kakaase biyyoota baay’eetti

jireenyi maatii hedduu gadi badaa jiraachuu isaa oduunis ta’ee ijaan kanan argu irraa

ka’een akka ta’e ibsuun barbaada.

Abbaan manaafi haati manaa baay’een isaanii Kristiyaanoota ta’anii yeroo dheeraa

erga wal wajjin jiraatanii waliin horanii booda kan wal hiikan yommuun arguu fi

dhaga’u garaan koo baay’ee gadda. Gochi kun Waaqayyo isa uumaa durrattis ta’e

nama durratti gaarii ta’ee waan hin ilaalamneef rakkoolee inni fiduu fi eebba inni

hir’isu hubachiisuuf yeroo ta’u, itti dabalata immoo miira ijoolleerratti miidhaa guddaa

akka geessisu beeksiisuun barbaade. Maatiiwwan biyyoota Awurooppaatti argaman

keessaa persentii digdama kan ta’an abbaa yookiin haadha wal hiikanii garaa gara

taa’an bira dabaree deemanii jiraatu. Akka qorannoo istatistiksii addunyaatti yoo

fudhanne immoo kudhan keessaa tokko haala wal fakkaatuun jiraachuu isaanii

‘Journal of Marriage and Family’ (August 2017, Volume 79, Issue 4, pages 891–

1204) sirriitti ni ibsa. Waaqayyo garuu namni mudaa malee akka waliin jiraatuuf

uume. Waan gaariis ta’e rakkoolee adda addaa kan uumu namuma Waaqayyo waliin

haa jiraatanii fi waliin haa horan jedhee walitti isaan fidee bultii isaanii ijaaredha.

Yeroo tokko waan haati manaa tokko natti dubbatte yoon gurra isin buuse hin badu

jedheen amana. Innis, «Abbaa manaa koo wajjin erga wal fuunee waggaa kudhan

darbeera. Seera cidha keenyaa waldaa kristiyaanaa keessatti godhanne. Abbaan

manaa koos anis Kristiyaanotadha. Ijoollee lama waliin horanneerra. Garuu abbaan

manaa koo yeroo dhiyyoo kaasee dirmammuu bakkeetti hin mul'anneen na miidhaa

jira. Yeroo baay'ee arraba isaan na miidha; ati doofaadha; atii gatii hin qabdu; hin

fooyyoftu; inni sitti na hidhe kun maali laata? jechuun onnee koo na dadhabsiisee

laphee koo na madeessa» jette.

Arrabni qaama namaa keessaa xiqqoo yoo ta’e iyyuu, of jajuufis ta’e kan biraa jaji’uuf

diinni kan itti gargaaramu keessaa isa tokkodha. Kan ijaaruus arraba , kan diiguus

arraba. Akkasumas wanti guddaan tokko kan ittiin hojjetamuu fi kan ittiin manca’us

ta’uun isaa qabatamaadha(Yak.3:5-6).

Waaqayyo Addaamii fi Hewwaaniin erga uumee booda iddoo jiraatan kenneef.

Isaanis wal jaallatanii, wal gargaaranii, wal dhaga’anii, waliin marii’atanii, walii wajjin

jiraatanii horanii akka lafa guutaniif isaan eebbise(Um.1:28). Ilaa iddoo cubbuun itti

jalqabe; Hewwaan abbaa manaa ishee irraa qophaa baatee Seexana wajjin

haasa’uu jalqabde. Kanaanis abboommii Waaqayyoo cabsitee yaada Seexanaa

fiixxaan baafte (Um. 3:2-5). Abbaan manaa ishee, Addaam; ija mukicha badii baatu

sanaa yommuu arge eessaa fidde jedhee otuu hin gaafatiin fudhatee nyaachuun

isaa; sababa hubannaan itti hir'ateef abboommii Waaqayyoo cabse. Lachanuu yakka

hojjetan, qullaa isaanii ta’anii fuula Waaqayyoo duraas dhokatan. Waaqayyoon

dhokatanii ba’uun gonkumaa hin danda’amu! Iji Waaqayyoo bakka hundaa jira waan

ta’eef isa tolaas isa gadhees in arga.

Akkuma armaan olitti arginu, waliin marii malee deemuun waan nama miidhu fiduu

danda’a. Abbaan manaafi haati manaa waliin marii’achuun, wal dhaga’uun, waliif

abboomamuun jireenya isaan fuulduratti jiraataniif eebba fida. Macaafa Qulqulluu

(Efe.5:22-6:4) argamu hojii irra oolchuun, gorsa sagaleen Waaqayyoo abbootii

manaa, haadhotii manaafi ijoolleedhaaf kenne qalbeeffachuun barbaachisaa dha.

Gorsa Macaafni Qulqulluun kennu sirriitti yoo caqasanii dubbichuma hojiirra yoo

oolchan gaa’ila kan jabeessu ta’uusaa irra darbee ijoollee Waaqayyo kenneefii sirriitti

guddisuu fi maatii gammachuu qabu gochuu danda’a. Kanaafuu, maatiin

Kristiyaanaa maatii Waaqayyoon sodaatuu fi kabaju ta’uu qaba. Sababni isaas

maatiin Kristiyaanaa maatii Waaqayyoo waan ta’eef jireenya bultii isaa keessatti

ulfina gooftaa mul’isuu qaba.

Barreeffama kana keessatti jecha maatii fi maatii kristiyaanaa jedhu akkasumas

rakkoolee gaa’ela gidduutti uumamanii mul'ataniifi furmaata isaa keessatti argattu.

Kana malees, warra gaa’ela dhaabbachuu fedhaniif illee dursanii maal gochuun akka

irra jiraatu hamma tokko karaa gabaabaa ta’een ni ibsa.

Anii fi haati manaa koo waliin gaa’ila erga dhaabbannee waggaa digdamii lama yeroo

taanu, walii wajjin dhiira lamaa fi durba tokko horreerra, walii wajjin mana Waaqayyoo

keessa tajaajilaa jiraachaa jirra. Muuxxannoon nuti waggoota dheeraa kana keessatti

waliin dabarsine tarii nama kan biraa darbee gargaaruu ni danda’a jedhee waanan itti

amaneef akka ani barreessu na taasiseera.

Dhuma irratti, maatii kan dhaabuu fi kan jiraachisu Waaqayyo yeroo ta’u, isa

sodaachuu fi ulfina kennuun, warra itti adeemaniif barumsa ga’aa kan kennu, warra

keessa jiraataniif immoo qulqullummaa fi amanamummaa dhaan gaa’ila /bultii isaanii

akka eeggatan kan gorsudha.

TOORA LAK. BAAFATA FUULA

Boqonnaa tokko ---------------------------------9

1. Jireenya Maatii Kristiyaanaa ------------------------------------------------------------------ 9

1:1. Maatii Jechuun maal jechuu dha?------------------------------------------------------------9

1:2. Maatii Kristiyaanaa kan jedhaman eenyu?-----------------------------------------------10

1:3. Maatiin Gaa’ila irraa madde.------------------------------------------------------------------10

1.3.1. Haatii manaa abbaa manaaf abboomamuu jechuun maal jechudha?-----------12

1.3.2. . Abbaan manaa mataa manaatiiti jechuun maal jechuu dha?

Boqonnaa lama --------------------------------10

2:1. Gaa’illi eebba Waaqayyooti. -----------------------------------------------------------------10

2:2. Gaa’illi hundumaa biratti ulfina qabeessa. -----------------------------------------------11

Boqonnaa Sadii ---------------------------------12

3:1. Akkamitti hiriyyaa gaa’ilaa filatu?----------------------------------------------------------- 12

3:2. Hiriyyaa gaa’ilaa eessaa argatu?----------------------------------------------------------- 18

3:3. Wal fuudhuu dura yeroo wal qorannaa qabaachuu ------------------------------------19

3:4. Kan ofii akkamitti addaan baafachuun danda’ama?------------------------------------21

3:5. Hiriyyaa gaa’ilaa warri ofii namaa filan maal fakkaata?------------------------------- 21

3:6. Gaa’ila milkaa’ina qabuuf of qoopheessu ------------------------------------------------ 23

Boqonnaa Afur ---------------------------------------24

4:1. Gaa’illi itti gaafatamummaa guddaa qaba ----------------------------------------------- 24

4:2. Gaa’illi jalqaba malee xumura miti--------------------------------------------------------- 25

4:3. Gaa’illi funyoo fo’aa yeroo sadii miciirameen wal fakkaata ------------------------26

4:4. Hiriyyoonni gaa’ilaa ilaalcha waliif qaban -----------------------------------------------27

4:5. Jaalalli abbaa manaa fi haadha manaa gidduu jiru cimaadha -----------------------28

4.6. Walitti dhufeenya Abbaa Manaa fi Haadha Manaa Gidduu

4.7. Gaa’illi Waaqayyoon gammachiisu maal fakkaata?------------------------------------32

4.8. Gaa’illi umurii meeqaa kaasee yoo dhaabbate gaarii ta’a?--------------------------34

Boqonnaa Shan ---------------------------------

5.1. Gaa’illi tokko yeroo digamuuf jedhu maal fakkaata? -----------------------------------28

5.2. Waa’ee wal hiikuu Macaafni Qulqulluun maal jedha? ---------------------------------30

5.3. Namoota wal hiikanii fi maatii isaaniitti maaltu akka dhaga’amu -------------------33

5.4. Rakkoowwan gaa’ila keessatti uumamanii fi furmaata isaa --------------------------33

5.5. Gaa’ila keessatti waan hin jirre hin eegin! ----------------------------------------------- 34

5.6.Wantoota gaa’ila keessatti wal dhabinssa uumaniif furmaata ------------------------35

5.7.Wal dhabinssa uumame irratti marii’achu --------------------------------------------35

5.8. Warri yaadaan wal dhaban maal gochuu qabu ------------------------------------------36

5.9. Dirqama gaa’ila tokko irraa eegamu raawwachuu -------------------------------------37

5.10. Yaada qulqulluu waliif qabaachuu --------------------------------------------------------38

5.11. Wal dhabinsa uumamuuf fala barbaaduu ---------------------------------------------- 38

Boqonnaa Ja’a ---------------------------------- 39

6.1. Hiriyyaan gaa’ilaa ejja raawwachuun yeroo wal hiikan ------------------------------39

6.2. Gargar ba’uuf sababa kan ta’an ------------------------------------------------------------39

6.3. Warri wal hiikan dhiifamaan walitti deebi’uu in danda’uu? ----------------------------41

6.4. Warra walfuudhan gidduutti wal quunnamti saalaa ----------------------------------- 43

6.5. Wal-quunnamtii saala gosa tokkoo --------------------------------------------------------44

Boqonnaa Torba ------------------------------- 45

7.1. Jireenyi maatii Kristiyaanaa maal argisiisa? -------------------------------------------- 45

7.2. Dirqama Maatii Kristiyaanaa -----------------------------------------------------------------47

7.3. Maatii keessatti rakkoolee fiduu kan danda’an irratti dammaquu -------------------47

7.4. Ijoollee mana Waaqayyoo keessatti eeguu ----------------------------------------------48

Boqonnaa Tokko

1. Jireenya Maatii Kristiyaanaa

1.1. Maatii jechuun maal jechuudha?

Jechii maatii jedhu afaan Ingliziin family akkuma jedhamuu afaan Laatiin familia,

baay’naan yeroo waamamuu familiea, afaan Griikiin οικογένεια jedhamee waamama.

Maatii kan jedhamu namoota mana tokko keessa jiraatan ta’anii kan abbaa warra

bulchuu tokkoon waamaman yookiin immoo warra waliin mana tokko keessa jiraatani

dha.

Jireenya ilmaan namootaa keessatti maatiin: dhalootaan, firooma dhiigaan, firooma

karaa fuudhaa fi heerumaan walitti dhufanii waliin jiraachuun kan uumamee dha.

Macaafni Qulqulluun akkuma nu hubachiisu, warri mana tokko keessa jiraatan maatii

waan ta’aniif akka wal gargaaran, akka nyaata waliif hiran aadaa saba Israa’el

keessatti iddoo guddaa qabaachuu isaa argina ( Ba’u 12:4).

Abrahaam abbaa saba hundumaa yeroo jedhamaa turetti hamma namoota

lakkoobsaan gara kuma tokkoo ta’antu akka maatii tokkotti waamamaa ture.

Fakkeenyaaf, booji’amuu ilma obboleessa isaa Loox yommuu dhaga’e namoota

dhibba sadii fi kudha saddeet warra mana isaatti dhalatanii guddatan lolaaf warra ga’

an birmachiisuu isaa argina. Warra kana keessaa hojjettonni isaa, warri waliin galan

hunduu akka maatiitti lakkaa’amu turan (Uum.14:14). Waaqayyo sagalee isaatiin

yeroo dubbatu sababa Abrahaamiif jecha qomoo isaatiif illee kakuu galeera.

Jireenya maatii keessatti Waaqayyo gurguddootaafis ta’e mucoolii dhaaf kan bu’uura

ta’uu danda’u dubbii sagalee isaa ergaa Wangeelaa ergeera. Ergaa karaa

Wangeelaa kanaanis dhalooti hundinuu abboommii Waaqayyoo akka eegan ibsa.

Waaqayyo yommuu Abrahaamitti dubbate, ‘Ati immoo karaa kee kakuu koo eegi,

sanyiin kee dhaloonni si booddeedhaan dhufu kakuu koo haa eegu!’ jedheen

(Uum.17:9). Barri ani saba si booddee jiran saba Israa’eliif, biyya Yihudaafis kakuu

haaraa galu in dhufa (Er.31:31). Warri Waaqayyoof qulqullaa’an marti illee maatii

Waaqayyooti malee, orma, nama biyya diidaas miti (Efe. 2:19).

Namni Kristiyaana hin ta’iin tokko maatii warra amanan tokkootti yoo dabalamee

wajjin jiraate, Waaqayyo sababa maatii sana irraa karoora guddaa qabuuf karaa

maatii sanaa jaalala isaa itti argisiisa. Iyyaasuun, “Anii fi manni koo Waaqayyoon

waaqeessina” akkuma jedhe (Iyaa. 24.15) waaqeeffannaa maatiin godhuun dubbii

Waaqayyoo dhaga’ee geeddaramuu danda’a. Wanti hubatamuu qabu garuu, firooma

foonii isa ittiin dhalataniin ijoollee Waaqayyoo ta’u miti, warra abdii Waaqayyootiin

dhalatetu sanyii dhugaatti lakkaa’ama male(Rom. 9: 6-13).

1:2. Maatii Kristiyaanaa kan jedhaman eenyu?

Maatii Kristiyaanaa kan jedhaman abbaa manaa fi haadha manaa Kristiyaanota ta’

an, ijoollee isaanii, akkasumas dhalootaa fi jireenyaan warra mana tokko keessa

jiraatan, warra amantii tokko qabanii dha. Maatiin Kristiyaanaa maatii Waaqayyoo

yeroo ta’an fayyinaa fi araara Waaqayyoo jala kan jiraatan fi sodaa isaatiin warra

deddeebi’anii dha.

Jireenyi maatii Kristiyaanotaa jireenya saba Waaqayyooti. Namni uumama

Waaqayyoo ta’uu isaa sagaleen Waaqayyoo sirriitti ibsa (Uum.1.26-28). Waaqayyo

erga nama uumee booda Iddoo Dhaabaa Eeden keessa isaan kaa’e malee

akkasumatti bakkeetti gadi hin dhiifne. Maatiin jalqabaa sun Waaqayyoon duwwaa

warra beekan turan. Waaqayyos immoo maatiin tokko guutummaatti waan gochuun

ta’uuf, akka itti jiraachuun ta’uuf dubbata. Maatii dhaaf iddoo jireenyaa, hojii, nyaataa

fi aboo kenneef (Uum. 2:8-17).

1:3. Maatiin Gaa'ila irraa madde

Gaa’illi dhaloota hundumaa biratti fudhatamaa fi jaallatamaa ta’uun isaa beekamaa

dha. Jireenya dhala namaa keessatti immoo gaa’illi bakka jireenya tokkummaa,

jireenya itti gaafatamummaa, jaalala, obsa, dandeettii fi fira, itti horatanii dha.

Jalqabni gaa’ilaa Seera Uumamaa 2:23-24 keessatti galmeeffamee akkuma

argannu, Waaqayyo Addaam irra irriba jabaa isaa kaa’ee opraasoonii jalqabaa

cinaacha isaa bitaa irratti raawwate. Achi irraa lafee kudha lama keessaa lafee tokko

fuudhee iddoo isaa foon guutee, lafee sana immoo haadha manaa isaa haa taatuuf

dubartii taasisee kenneef. Namni jalqabaa kun maqaa haa moggaasuuf Waaqayyo

gara isaatti ishee fide. Duraan kophaa ta’uu isaa namni beeku kun yommuu ishee

arge, kan ana fakkaattu kun eessaa baate jedhee gaafachuun isaa hin oolu. Garuu

hir'ina qaama isaa foon itti guutamee argee 'kun ana irraa iyyu citte' jedhee

gammade. Lafeen kun lafee kooti, foon kunis foon kooti, isheen dhiira irraa

argamteeti’oo ‘namee haa jedhamtu!’ jedhee moggaase. Waaqayyos,«Kanaafis

dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa, haadha manaa isaattis in maxxana; isaan

lachanuus foon tokko in ta’u» jedhe (Uum. 2:24). Waaqayyo jarrii kun lamaan wal

gargaaraa walii wajjin haa jiraataniif waliif isaan kenne. As irratti yeroo ilaallu, lafeen

ofii nama hin quuqu, foon ofiis nama hin miidhu. Fakkeenyaaf: utuu lafee xinnoo

ishee kan biraa fidanii irra ciisanii nama hin ciibsu, in quqquuqa malee, irribis namatti

hin dhufu. Ilaalaa egaa, gaa’ila har’a qabnu keessatti haati manaa tokkoon tokkoon

keenyaa lafee keenya keessaa isa tokko waan ta’aniif nu hin quuqani. Kanaafis egaa

haati manaa ofii kennaa Waaqayyo nuuf keenne foon keenya ta’uu ishee amannee

fudhachuu qabna.

As irratti akkuma arginu, gaa’ila Waaqayyo qofaatu uume. Waaqayyo ‘namni kophaa

ta’uun isaa gaarii miti’ jedhe (Uum. 2:18). Dubbii sagalee Waaqayyoo irraa akkuma

argamutti gaa’ila Waaqayyotu dhaabe, akka horanii baay'ataniifis eebbisee maatii

taasise.

‘Gargaartuu’ jechi jedhu kun eenyummaa Hewaan, haadha manaa Addaam,

ibsuudhaaf akka ta’e argina (Uum. 2:20). Hewaan kan uumamte Addaam cina taatee

gargaartuu isaatii fi utubduu isaa akka taatuuf kennamteef. Dhiiraa fi dubartiin yeroo

wal fuudhan foon tokko ta’u. Tokkummaan kun kan inni ibsu yaadaan, hafuuraan,

quunnamtii saalaatiin tokko ta’uu dha. Kakuu Haaraan tokkummaa kana kan ilaallate

of eeggachiisa itti dabala, innis, “Egaa isaan lama miti, foon tokko malee; kanaafis

waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar hin basin”kan jedhuu dha (Mat. 19:6).

Ergamaan Phaawulos ergaa baay’ee barreesse keessati gaa’ila irratti xiyyeeffachuu

dhaan amantootni walitti dhufeenya gaa’ilaa keessatti akkamitti deddeebi’uun akka

isaan irra jiru ibseera. Seera gaa’ila warra amantootaa ilaalchisee bal’inaan

barreesseera (1Qor. 7). Jireenya maatii Kristiyanaa keessatti haati manaa akkuma

Gooftaa Yesusiif abboomamtu abbaa manaa isheetiifis haa abbomamtu jedha.

Kristos akkuma Waldaa Kristiyaanaa jaallate, dabarsees of kenne akkasuma abbaan

manaas haadha manaa isaa haa jaallatu (Efe.5:22-33) jedha. Lamaan isaanii walii

wajjin yeroo kadhatan, sagalee Waaqayyoo yeroo dubbifatan, qajeelfama Macaafni

Qulqulluun laatuun yommuu geggeeffaman, Waaqayyoon kan gammachiisu fi bifa

walitti dhufeenya gaa'ilaa kan tolchu ta'a.

Ergamaan Phaawulos ergaa isaa isa Gara Warra Efesooniitti barreesse keessatti, “

Haadhi manaa, akkuma Gooftaa Yesusiif abboomamtu abbaa manaa isheetiifis haa

abboomamtu! Kristos mataa Waldaa Kristiyaanaa akkuma ta’e, abbaan manaas

mataa haadha manaa ti; Kristos fayyisaa Waldaa Kristiyaanaa ti; Waldaan immoo

dhagna isaa ti (Efe. 5:22-23). “Kristos akkuma Waldaa Kristiyaanaa jaallate,

Waldaadhaafis dabarsee of kenne, akkasuma abbaan manaas haadha manaa isaa

haa jaallatu” (Efe. 5:25). “Akkasumas immoo abbaan manaa akkuma dhagna ofii isaa

jaallatutti haadha manaa isaa jaallachuun in ta’aaf; namni haadha manaa isaa

jaallatu ofii isaa in jaallata. Namni foon isaa in soora, in dhimmaaf malee, takkaa

foon isaa jibbee hin beeku; Kristos Waldaadhaaf akkasuma godhe” (Efe. 5:28-29). “

Caaffanni qulqullaa’aan, ‘Sababii kanaaf dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa,

haadha manaa isaattis in maxxana (haadha mana isaa wajjin walii gala), isaan

lachanuus foon tokko in ta’u’” (Efe. 5:31).

1.3.1. Haatii manaa abbaa manaaf abboomamuu jechuun maal jechudha?

Abboomamuun walitti dhufeenya gaa’ilaa keessatti dhimma faayida qabeessa.

Hupotasso, kan jedhu jechi Girikii Efesson 5:24 keessatti kan mul’atu yeroo Afaan

Oromootti hiikamu “jala of galchuu, ajajamuu, abboomamuu” yommuu ta’u yaadii isa

keessatti calaqqisu waan itti fufiinsaan shaakalamu ta’uu isaati. Ajajamuu yookiis

abboomamuu gargar hin cinnee dha. Kana jechuun Waaqayyoo, Luboota mana

Qulqullummaa, moototaa fi abbaa manaaf ajajamuun gocha yeroo tokkoo qofaa miti.

Amala itti fufiinsaa kan qabuu dha male iddoo tokko ga’ee kan dhaabatu miti jechuu

dha.

Duraan dursee, sirritti, ajaja Waaqayyo jala of galchuuf itti gaaffatamuummaa

guddaatu nu irra jira, kunis isaaf kan ittiin abboomamnu karaa dhugadha (Yaq. 1:21,

4:7). Akkasumas tokkoon tokkoon amanaa gad of deebisuun kan guutame,

ajajamuuf qophaa’aa kan ta’e jireenya qabaachuutu irra jiraata (Efe. 5:21).

Har’aa addunyaa kana irratti wal hubachuu dhabuutu baay’inaan jira. Gaa’ila

keessatti ga’ee abbaa manaa fi haadha manaa kan walaalchisutu mul’ata. Macaafni

Qulqulluun ga’ee isaan irraa eegamu sirriitti utuu hubachiisee jiru, baay’een isaanii

dugdda itti gatachuu filataniiru. Baay’een isaanii yaada dubartoonni birmadummaa

filtaniiru jedhu yeroo mul’isan, bu’aan isaa immoo maatii garaa gara adeemsiisuu

yookiis gargar cabssuu ta’eera. Biyyi lafaa karoorri Waaqayyoo waa utuu hin galiniif

hafeef dubbii Waaqayyoo cookkoo dubbisa. Sabni Waaqayyoo garuu gammachuu

dhaan karoora Waaqayyoo kabajee fudhata.

Ajajamuun yookiis abboomamuun jecha gadhee miti. Ajajamuun kan gadaantummaa

yookaan bu’aa gad aanaa callaqisiisuu miti. Kristos haala gargar hin cinneen fedha

Abbaa isaa raawwachuuf Abbaa isaa Waaqayyo jala of galcheera (Luq. 22:42, Yoh.

5:30). Kunis kan ta’e Waaqummaa mataa isaa irraa homaa utuu hin hir’isiini.

Ajajamuun/abboomamuun uumamaan kenname waan ta’eef geggeessaa

jaallatamaa dha. Abbaan manaa haadha manaa ofii isaa yeroo jaallatu, Kristos

Waldaa Kristiyaanaa akka jaallate (Efe. 5:25-33), ajajamuunis deebii uumamaan

kenname ta’a. Haatii manaa abbaa manaa isheetiif yeroo ajajamtu isa uumamaan itti

kenname sana raawwachuu isheeti. Ta’us garuu, jaalalli abbaa manaa kala hin

kaasu yoo ta’e yookiis yoo hir’ate haati manaa isa ajajamte raawwachuun itti

gaafatama isheeti “Gooftaadhaaf akka ta’u” (Efe. 5: 22). Kana jechuun Waaqayyoof

abboomamuu ishee, karoora isaa fudhachuu ishee, abbaa manaa isheetiif akka

abboomamtu ishee godha. “Gooftaaf akka ta’utti” kan jedhuu kan abbaa manaa

wajjin wal bira qabuu dhaan yommuu ilaalamu haati manaa itti gaaffatamtuu taayitaa

olaanaa ta’uu ishee mirkaneessaaf.

Wantii hubatamuu qabuu ajajamuun humnaan yookiin olaantumaa dhaan akka hin

taanee dha. Sababa jaalala isa Kristos biraa argatan sanaan jireenya isaanii walitti

mi’eesuuf jecha wal kabajuun, waliif abbomamuun, wal fudhachuun, wal jaallachuun

jireenya isaan jiratan bareedaa akka ta’u taasisa.

Kanaafis, abbaan manaa fi haati manaa Waaqayyon amanatan qajeelfama jireenyaa

dubbii Waaqayyoo irraa fudhachuu dhaan jiraatu. Amalli gaa’ila nama amanee sodaa

Waaqayyootiin geggeeffamuu dhaan beekama. Macaafni Qulqulluun akkuma

dhugoomssu, Kristos akka mataa Waldaa Kristiyaanaa ta’e, abbaan manaa mataa

mana sanaati.

1.3.2. Abbaan manaa mataa manaatiiti jechuun maal jechuu dha?

Deebii kana deebisuuf dursinee waa’ee Kristos mataa warra dhiirraa ta’uu isaa fi

dhiirri immoo mataa haadha manaa ta’uu isaa beekuun barbaachisaa dha

(1Qor.11:3).

Dhiirri mataa maatiiti jechuun itti gaafatamummaa maatii isaa kan fudhatu, jireenya

maatii isaa kan hordofu, dura bu’ee fakkeenya gaarii ta’uu kan danda’u, obsaa fi

jaalala mana isaa keessatti kan argisiisu jechuu dha.

Amma yoon gaafii aarmaan gadii kana isin gaafadhee deebiin isin naaf laattan maal

ta’inna laata? Fakkeenyaaf: Namni tokko abbaa manaa gaarii ta’uun isaa kan ittiin

madaalamu maaliini? Tarii beekumsaa fi jabina qaamaa qabaachuu isaatiinii? Qarshii

baay’ee qabaachuu isaatiinii? Yookiis immoo jaalalaa fi gaarummaa dhaan haadha

manaa isaatii fi ijoollee isaa qunuunssuu isaatiinii? Abbootiin manaa hedduu ilaalcha

biyya lafaa fi seera namootaa waan hordofaniif, jaalalaa fi gaarummaa dhaan haadha

manaa fi ijoollee isaanii hin qunuunsan. Sababiin isaa, qajeelfama qaamni gaa’ila

hundeesse kennu waan hin beekneef hojii irra hin oolchan. Qaamni kun Isa, ‘lafee

cinaachaa namicha keessaa fuudhe sana irraa erga dubartii tolchee booda gara

namichatti fiduu dhaan’ gaa’ila jalqabsiisee dha (Uum. 2:21-24).

As irratti dhirrii dursee uumame itti gaafatamuummaa fudhatee ishee eeguu isaa

argina. Waaqayyo ergasii dubartii uumee gara namichaa fiduun isaa hir’ina namichaa

wanta gurguddaa sadii aarmaan gaditti kaa’aman waan argeef ture.

1. Kophaa ta’u isaa

2. Gargaartuu dhabu isaa

3. Nama wajjin jiraatee wajjin horu hiriyaa gaa’ilaa dhabu isaa

Waaqayyo kun isa namicha hunduma dura uumee wajjin dubbachaa, wajjin

hojjechaa, turee dha (Uuma.1:26). Yesus ilmi “uumama hundumaa dura” ture. Inni

samii fi lafti utuu hin uumamin dura jira ture (Qol.1:15, Mul.3:14).

Yesus ‘hoolicha Waaqayyoo’ jedhameera (Yoh. 1:29). Akkasumas abbaa manaatti

fakkeeffameera. Yeroo tokko ergamaan Waaqayyoo; ‘Kottu, ishee misirroo, haadha

manaa hoolichaa sitti nan argisiisaa’ jedheera (Mul.21:9). Mee misirroon sun yookiis

haati manaa isaa eenyu jettu ree? ‘Haadha manaa hoolichaa’ kan jedhamtu

Kristiyaanotni amanamoon; duuka buutoti Kiristos; Hafuuraan kan dibaman; gara

fuula duraatti Kristos wajjin mirga Abbaa taa’uuf kan jiran; kan miseensota itti ta’an

Waldaa Kristiyaanaati (Mul. 14:1,3). Akkaataan Kristos bartoota isaa itti qunuunse,

akkaataa abbootiin manaa haadhotii manaa isaanii itti qunuunsuu qabaniif fakkeenya

gaarii ta’a.

Kanaaf, yeroo abbaan manaa mataa ta’u haati manaa immoo ga’ee ishee

raawwachuu dhaan wal deggeeranii tokkoon tokkoon isaanii ba’aa walii baachuu

dhaan, wal hubachaa, wal jaallachaa, hamma duti gargar isaan baasutti yookiis

hamma dhufa Kristositti waliin deemu jechuu dha.

Boqonnaa lama

2:1. Gaa’illi eebba Waaqayyooti

Warri waliin gaa’ila dhaabbatan dhiirri tokkoofi dubartiin tokko warra walii wajjin

dhalatan caalaatti kan wal jaallatan, walii yaadan, wal gargaaranii fi walitti gammadan

warra Waaqayyo walitti isaan hidhee dha. Warri Waaqayyo walitti isaan hidhe

gammachuu qabu, obsa qabu, jaalalli isaanii cimaa dha.

Namoonni tokko tokko gammachuu argachuuf gaa’illi dirqama barbaachisaa akka ta’

e dubbatu. Kanneen biroon immoo gaa’ila qabaachuudhaan gammachuu argachuu

hin danda’amu jedhanii yaadu. Namoonni tokko tokko immoo gaa’ilatti seenuun ba’

aa ulfaataa fuudhanii of irra kaa’uu dha jedhanii dubbatu. Yaadi kun garuu matumaa

dhugaa miti. Yaadi kun hundumtuu akkuma abban itti ilaale ta’uu danda’a. Jireenya

gaa’ila namoota sodaa Waaqayyoo hin qabnee ilaallee dubbanna yoo ta’e kun

dogoggora guddaa dha. Namoonni gariin rakkoo kan mataa isaanii waan qabaniif

gaa’ila akka qoraattiitti ilaalu. Iji ittiin ilaalan qulqulluu waan hin taaneef ta’a.

Fakkeenyaaf: naaduraan (fuulleen ijaa) ija irraa qabnu gurraacha yoo ta’e wanti nuti

ilaallu hunduu gurraacha ta’ee nutti mul’ata; naaduraa diimaan yoo ilaalle immoo

diimaa ta’ee nutti mul’ata. Akkuma kana gaa’ila keessatti wanti nuti fagootti ilaallu nu

irratti ta’a jechuun gonkumaa sirrii miti. Gaa’illi sababa ulfaatuuf yookiis salphatuuf

utuu hin fuudhiin turu miti. Phaawulos faayidaa nama hin fuudhiinii yeroo ibsu sababa

hojii mana Waaqayyootiif ta’uu isaa ibseera (1Qor. 7:32-38). Namni tokko qeentee

yookiis kophaa ta’uu qaba jedhanii seera hin baasne; kanaa mannaa fuudhaa fi

heeruma dhowwuun barumsa hafuurota hamoo keessaa tokko akka ta’e ibsameera

(1Xim.4:1-3). Ta’us, qeentee yookiis kophaa ta’uun namoota yaadni isaanii utuu hin

hiramiin Waaqayyon tajaajiluu barbaadan hundaaf faayidaa argamsiisu baay’ee

qaba. Kana yeroo jennu garuu namni fuudhe tajaajiluu hin danda’u jechuu akka hin

taanee beekuun barbaachisaa dha. Gaa’illi hundee maatiin irratti latuu fi karaa itti

eebbi Waaqayyoo gara ilmaan namaa dhaqu keessaa isa tokkoo dha. Horanii

baay'achuun, lafa guutuun, Waldaa Kristiyaanaa ijaaruun, hawaasaa fi biyya eeguun

maatii gaa’ilaan argame irraa dhufe. Kanaafuu gaa’illi kennaa eebba Waaqayyoo ta’

uun isaa ifaa dha.

2:2. Gaa’illi hundumaa biratti ulfina qabeessa.

Gaa’illi saba hundumaa biratti iddoo olaanaa fi ulfinaa qabeessa ta’uun isaa

beekamaa dha. Macaafni Qulqulluunis kanuma nuuf mirkaneessa. Gaa’illi

tokkummaa Waaqayyo dhaabe waan ta’eef guddachaa, babal'achaa, eegamaa,

akkasumas hawwaasa hundumaa biratti fudhatamaa ta’uun isaa mul’ataa dha. Gaa’

illi sababii jaalala irratti hundeeffameef sirni isaa qulqulluu dha (Yoh.13:34-35).

Tarii namoonni tokko tokko ulfina qabaachuu gaa’ilaa waan hin beekneef iddoo itti

kennuu dhiisu ta’a. Yookiis immoo bu’aa inni qabu waan sirriitti hin hubanneef

salphaatti dhiisanii deemus ta’a. Kristiyaanonni garuu dursanii waa’ee isaa waan

barataniif salphaatti dhiisanii deemuun miidhaa qaba jedhanii amanu. Gaa’ila kan

dhaabe Waaqayyo waan ta’eef wanta inni dhaabe immoo diiguun cubbuu ta’uun isaa

beekamaa dha. Namni kamuu Kristosiin fayyisaa isaa godhatee fudhatee,

akkasumas immoo kadhataan gaa’ila isaa dhaabbatee, Waaqayyo isa isaaf kenne

waan sodaatuuf bultii isaa hin xureessu. Kanaaf, gaa’ila isa ulfina qabeessa kana,

eeguun, qunuunsuun, eebba inni of keessaa qabu obsaan eeggatanii fudhachuun

barbaachisaa dha. Haalli yeroo ammaa addunyaan kun gaa’ila itti ilaalu adda yoo ta’

e iyyuu kan si yaaddessuufi si dhiphisu ta’uu hin qabu. Bultiin warra jireenyaaf

waamamanii yoom iyyuu yeroo jiraatu, kan warra badanii immoo utuu hundee hin

qabaatiin hafa. Gaa’illi dhugaan yoomuu taanaan iddoo isaa gad hin dhiisu. Ati yaa

nama Waaqayyon amanattuu matumaa gaa’ila kee ulfina hin dhowwatiin, itti

miidhamtaatii!

Boqonnaa sadii

3:1. Akkamitti hiriyyaa gaa’ilaa filatu?

Gaaffii kanaaf deebii kan ta’u Phaawulos seera bu’uuraa hiriyyaa gaa’ilaa filachuuf

akka qajeelfamaatti gargaaru Hafuura Qulqulluun geggeeffamee yeroo ibsu, “Warra

hin amannee wajjin walitti hin hidhatinaa!” jechuu dhaan barreesseera (2Qor. 6:14).

Fakkeenyi inni itti fayyadame wanta qonnaa irratti mul’atu irratti kan hundaa’ee dha.

Qotiyyoon qaamaanis ta’e ciminaan wal hin gitnne walitti yoo camadaman lamaanuu

in miidhamu. Haaluma wal fakkaatuunis, namni amanuu fi hin amanne gaa’ilaan yoo

walitti hidhaman walitti bu’insii fi rakkoon akka uumamu homaa hin shakkisiisu.

Hiriyyaan gaa’ilaa inni tokko jaalala Waaqayyoo keessatti of eegee jiraachuu kan

barbaadu yoo ta’eef, inni kaan immoo dhimmi kun baay’ee yookiin matumaa kan isa

hin yaaddessine taanaan, wanti isaan dursa kennuufii barbaadan garaa gara waan ta

’uuf, dhiphinni guddaan uumamuu danda’a. Kanaaf, Phaawulos Kristiyaanonni ‘nama

amane’ qofa hiriyyaa gaa’ilaa akka godhatan gorseera (1Qor.7:39.)

Namoonni tokko tokko Kristiyaaanuma ta’anii utuu jiranii gaa’ila dhaabbachuu

barbaadanii nama isaaniif ta’u yeroo dhaban, kophaa jiraachuu mannaa nama hin

amanne hiriyyaa gaa’ilaa godhachuu wayya jedhanii murteessu. Tokko tokkos gorsa

Macaafa Qulqulluu cabsuudhaan nama Gooftaa Yesusiin hin fudhatiin yookiin

Kristiyaanaa hin ta'iin hiriyyaa gaa’ilaa godhatanii argamu. Haala akkanaa keessatti,

yeroo baay’ee wanti gaddisiisaan isaan mudatu in mul’ata. Namoonni akkas godhan

hiriyyaa gaa’ilaa isaanii wajjin wantoota barbaachisaa ta’an irratti akka hin dubbanneef

of qabu. Kophummaan isaanitti dhaga’amu kophummaa utuu hiriyyaa gaa’ilaa hin

godhatin dura ture irra baay’ee kan caalu ta’a. Kristiyaanonni qeenteen yookiin kan hin

fudhiin kumaan lakkaa’aman gorsa gama kanaan Waaqayyo kenne amananii

fudhachuu dhaan hojii irra oolchuun isaanii nama gammachiisa. (Far.32:8) Gaaf tokko

gaa’ila akka dhaabbatan abdataa, hanga hiriyyaa gaa’ilaa dhugaa Waaqayyo biraa

argatanitti kadhataa fi obsaan qeentee ta’anii eeggatu.

Filannoo hiriyyaa gaa’ilaa keessatti ergamaan Phaawulos geggeessitoota Waldaa

Kristiyaanaan wal qabsiisee dhimmoota barbaachisoo ta’an akka tuqe ifaa dha.

Fakkeenyaaf: 1 Ximotewos 3:1-7 keessatti warrii Waldaa Kristiyaanaa geggeesuuf

filaman namoota attamii ta’uun akka irra jiru akkuma barreefame, obboleettiin tokko

namni isheen hiriyyaa gaa’ilaa godhachuu barbaaddu maal akka ta’uu malu fakkeenya

kana irra qajeelfama argachuu danddeesi.

Akkasumas immoo Macaafnii Fakkeenyaa 31:10-31, obboleessi tokko hiriyyaa gaa’

ilaa ogummaan filachuuf maal akka gochuun irra jiraatu bali’inaan ibsa.

3:2. Hiriyyaa gaa’ilaa eessaa argatu?

Namoonni fedhii fuudhaa qaban hunduu gaaffii kana gaafachuun isaanii hin hafu.

Rakkoon ilmaan namaa inni guddaan hiriyyaa gaa’ilaa argachuuf filmaata irratti yeroo

isaanii dabarsuun waan hin oollee dha. Akkamittan argadha? Eessaan fida? Maal

gochuutu naaf wayya? Eenyuun fuudhu? Kana kan fakkaatan gaaffiilee yeroo hundaa

warra hiriyyaa gaa’ilaa barbaaddatan biraa dhaga'amuu dha. Nama ani barbaadu hin

arganne’oo maal naaf wayya? Kan jedhan baay’een jiru. Guyyaa dhaa gara guyyaatti

ulaagaa kaa’aniifii hamma argatanitti ijii fi yaadni isaanii boqonnaa hin qabu. Tarii

ulaagaa baay'ee tarreessuun hin hafu. Eeyyee, gaa’illii umurii guutuu waliin waan

waan keessa jiraataniif nama jaallatan argatanii fuudhuun eebba guddaa dha. Akka

toora ulaagaa kaa’ameetti argachuuf immoo Waaqayyo isa kennuu fi isa jiraachisuu

danda’u kadhachuun ogummaa hundumaa oliiti. Hiriyyaa gaa’ilaa filachuu dura

Waaqayyoon kadhachuun barbaachisaa dha. Inni karaa nama argisiisa, gaa’ila fayyaa

qabu namaaf kenna, nama kadhatuuf kan isaaf taatu yookiin isheef ta’u gonkumaa hin

dhowwatu. Waaqayyo dursee iyyuu kan isaaf taatu yookiin isheef ta’u beeka waan ta’

eef cimsanii kadhachuun kan ofii addaan namaaf baasa.

Dubbiin sagalee Waaqayyoo, “Kadhadhaa in fudhatu, barbaadaa in argattu, balbala

rurrukutaa isiniif in banamaa” jedhee dubbateera (Luq.11:9, Yoh.15.7). Kan isatti

qabamee jiraatuu fi kadhatu in fudhata, kan barbaadus in argata, kan balbala

rurrukutuufis in banamaaf erga ta’ee, dursanii kadhachuun kan ofii addaan namaaf

baasa. Takka takka kan ofii achuma cinaa ofii utuu jirtuu/jiruu dafanii wal arguu dhabu.

Tarii Waldaa tokko keessa waliin tajaajilu ta’a, garuu iji isaanii banamee wal arguu hin

dandeenye malee. Yookiin immoo naannoo tokko keessa utuu jiraatanii iji isaanii gara

fagoo ilaala ta’a. Yeroo Waaqayyo ija isaanii banu of cinatti wal argu. Wantoonni kana

fakkaatan yeroo tokko tokko ta’anii argamu. Wanti hubatamuu qabu Kristiyaanota

waan ta’aniif qofa hiriyyaa gaa’ilaa gaarii waliif ta’u jechuu miti; Waaqayyo warra walitti

hidhe duwwaatu gaa’ila dhugaa qabaata. Kadhati dhugaa fi amantiidhaan kadhatamu

yoom iyyuu deebii qaba; innis dhuguma wanti kun naaf ta’uu in danda’aa jedhanii

garaa guutuu dhaan Waaqayyoon gaafachuu, kan ofii eessa akka jirtu yookiin akka jiru

addaan namaaf baasa. Kan nama kadhatuu Waaqayyoo biraa akka kennamuufiis

hubataa adeema.

3:3. Wal fuudhuu dura yeroo wal qorannaa qabaachuu

Hiriyyoonni gaa'ilaaf wal barbaadan lamaan utuu wal hin fuudhiin wal qorachuun

jireenya isaanii fuula duraaf gaarii waan ta’uuf baay’ee barbaachisaa dha. Namootni

tokko tokko bu’aa yeroof argamuuf jedhanii utuu wal hin qoratiin wajjin jiraachuu

jalqabu. Gochi akkasii nama hededa fottoqaa irra adeemu fakkaata. Namni hededa

fottoqaa irra adeemu miilli isaa tokko yoo jalaa sigigaate fottoqa sana keessatti kufuun

isaa hin mamsiisu. Gaa’illi xaa’oo dallaa saawwaa isa yeroo dhoqqaa’u iddoo itti jijjiiran

miti. Iddoo jijjiiruu irra keessa isaa qulqulleessuutu gaarii ta’a. Keessa isaa

qulqulleesuu jechuun, isa xuraa’e, isa jibbame, waan waliin hin deemnne kaasuu

danda’uu dha.

Kanaafuu, namootni gaa'ilaaf wal barbaadan lachanuu dursanii yeroo itti gaa’ilaaf wal

qoratan qabaachuun barbaachisaa dha. Yeroon kun caalaatti waan hundumaa yeroo

walitti dubbatan ta’uu qaba. Fakkeenyaaf: eenyummaa isaa/ishee, amantaa tokko

qabaachuu, ogummaa, amala, dandeettii, fi jaalala waliif qaban dursanii beekuun bu’

aa guddaa qaba.

Yeroo tokko dhiirri fuudha barbaadu durbee tokko argee jaallate. utuu wal hin qoratiin

ani si fuudhuun qaba jedhee itti dubbate. Guyyaa dhaa gara guyyaatti in bilbilaaf ture,

waliin ba’anii in bashannanu, in nyaatu in dhugu turan. Sababa isheetiif jecha Waldaa

keessatti waaqeeffatu dhiisee Waldaa isheen keessatti waaqeffattu in deema ture.

Isheenis sababa inni Waldaa isaa dhiisee ishee bira deemuuff jecha, isa jaallachuu

ishee mirkaneessiteef. Utuma haala kanaan hariiroo isaanii cimsatanii jiranii turtii

keessa lachan isaanii guyyaa wal fuudhan murteeffachuuf yaaduu jalqaban. Kana

gidduutti inni dhiiraa sun, dhimma kana hiriyyaa isaa dhiiraa waliin guddatan tokkotti

dubbate. Hiriyyaan sunis ‘Baay’ee jaallatteettaa?’ jedhee isa gaafate. Innis ‘akka

lubbuu koottin ishee jaalladha’ jedhee deebiseef. Ammas irra deebi’ee, ‘Waan isheen

jaallattuu fi jibbitu beektaa moo?’ jedhee gaafate. Innis ‘eeyyee’ jedhee deebiseef.

Hiriyyaan sun deebisee akkana jedhe, ‘Waan si gorsa, egaa dhaqii waan isheen hin

jaallanne sana ishee biratti hojjedhuu koottu!’ jedhee gorse. ‘Maaliif?’ jedhee

gaafannaan ‘boodan sitti hima, dhaqii isan siin jedhe raawwadhuu koottuu natti himi!’

jedheen. Tole jedhee akkuma hiriyyaan sun jedhetti gocha sana dhaqee ishee biratti

raawwatee dhufe. As deebi’ee ‘raawwadheen dhufe’ jedhee itti dubbate. Hiriyyaan

isaas akkas ittiin jedheen; ‘amma immoo dhaqii dhiifama gaafadhu!’ jedhee gorse. Tole

jedhee dhaqee dhiifama gaafate. Durbeen sunis akkas ittiin jette ‘dhiifama siif gochuu

mitii, ani lammaffaa deebi’ee ija kootiin si arguu hin barbaadu!’ jetteen. Innis jecha

isheetti guddaa gaddee, deebi’ee hiriyyaa isaa gocha kana akka inni raawwatu isa

gorsetti hime. Hiriyyaan sunis isa duukaa dhaqee ‘maaloo obboleettii, dhiifama godhiif!

’ jedhee itti dubbate. Durbeen sunis ‘lammaffaa ija kootiin isa arguu hin barbaadu!’ ittiin

jettee deebifteef. Gidduu kanatti gurbaan durbee sana jaallatee ture sun namichaan, ‘

situ rakkina kana keessa na seensise’ jedhee itti gadduu isaa ibseef. Hiriyyaan dhiiraa

waliin guddatan sunis deebisee akkas ittiin jedhe, ‘ani rakkina keessa si hin galchine!

rakkinan sirraa fuudhe malee, kan har’a utuu wal hin fuudhiin dhiifama didde, gaafa

wal fuutan akkam gochuuf turte ree?’ jedheen.

Fakkeenya armaan oliitti kaafne kana irraa waa guddaatu barama jedheen abdadha.

Dhiifamni bultii keessatti iddoo guddaa qabaachuu qaba. Gaa’ila keessatti dhiifamni

hin jiru yoo ta’e, waliif irra darbuun hin jiru yoo ta’e, gaa’illi dhaabbatu sun salphaatti

diigamuun isaa hin shakkisiisu.

Qaamaan walitti dhihaachuun uumamaan kan jiru waan ta’eef, qorumsi gama kanaan

isaan mudatu salphaa miti. Ta’us, namoonni garaa isaanii irraa wal jaallatan wanta

hariiroo namni jaallatan sun Waaqayyo wajjin qabu balleessu raawwachuu irraa of haa

qusatu (1Tas. 4:6). Gaa’ilaaf wal qorachaa jirtu taanaan amalli of qabuu jireenya

keessan guutuu kan isin fayyadu waan ta’eef, gaa’ila dhaabbatu sanaafis immoo

barbaachisaa waan ta’eef amala ofii qaban walitti himuun eeggannoo walii gochuu

irratti qooda guddaa qaba. Tarii akkuma fakkeenya aarmaan olitti tuqame, utuu wal hin

fuudhiin gara lachanuu amaloota gaarii ta’an duwwaatu mul'ata ta’a. Amaloonni tokko

tokko bulanii, oolanii mul'achaa adeemuun hin hafu. Garuu, jireenyi isaanii gaarii akka

ta’uuf dursanii walitti himuun waliif eeggachuuf illee barbaachisaa dha. Amaloota gaa

’ila kana hin gabbifnne of irraa fageessuun jireenya isaanii isa fuula duraaf faayidaa

guddaa qaba.

3:4. Kan ofii akkamitti addaan baafachuun danda’ama?

Mata-dureen kun gaaffii nama baay'ee ta’uu danda’a. Addaan baafachuuf yeroo

dheeraa fudhachuu danda’a ta’a; garuu dursanii Waaqayyoon irratti kadhatanii deebii

argachuun amala ijoollee Waaqayyooti. Hiriyyaa gaa’ilaa argachuuf yeroo dheeraa

irratti kadhatteetta ta’a. Akka addaan siif baasu yoo in barbaadda ta’e, ati utuu waa’

ee nama isa/ishee hiriyyaa gaa’ilaa akka sii ta’uuf/taatuuf kadhachaa jirtu sanaa

keessi kee gammachuun yoo guute, yoo jaallattee jirta ta’e, sagalee Waaqayyoo

dubbifattuun yoo siif mirkanaa’e, dhimma kana ilaalchisee keessi kee boqoteera yoo

ta’e, hiriyyaa gaa’ilaa godhachuuf yoo gaafatte hin badu.

Walumaagalatti, gaa’ila dhaabbachuu barbaannaan, nama Waaqayyoon jaallatu,

akkasumas amalaa fi dubbii hafuuraa ati qabdu wajjin wal fakkaatu qabaachuun

dirqama ta’uu qaba. Kana yoo ta’uudhaabaate garuu tajaajila kee fi waaqeffannaa

keetti gufuu ta’uu danda’a. Gama kanaan hojjetaa/hojjettuu amanamaa/amanamtuu

Waaqayyoon sodaatu/sodaattu ta’uun isaa/ishee baay’ee barbaachisaa waan ta’eef

booda akka dubbii Waaqayyoo kanaatti qulqullinaan murtoo barbaachisaa ta’e kana

fudhachuun sirrii dha ( Far. 119:105).

3:5. Hiriyyaa gaa’ilaa warri ofii namaa filan maal fakkaata?

Biyyootii adda addaa keessatti akkuma aadaa fi amantii isaaniitti warratu ijoollee

isaaniif hiriyyaa gaa’ilaa fila. Aadaawwan akkasii keessatti filannoo baay’ee

barbaachisaa ta’e kana gochuuf warri ofii ogummaa guddaa fi muuxannoo qabu

jedhamee itti amanameeti. Gaa’illi filannoo warri godhaniin hundeeffamu tilmaamaan

11% milkaa’oo yeroo ta’an, 89% immoo hin milkoomiin hafuu isaanii macaafni Afaan

Ingiliziin barreeffame: «His Needs, Her Needs; Building an Affair proof marriage» kan

jedhu kan bara 2013 maxxanfame ibseera. Dargaggeessi tokko ofii ilaallatee, filatee,

jaallatee erga itti amanee booda maatii isaatiin durbee kana ykn intala abbaa abaluu

jaalladheera jaarsummaa itti naaf ergaa jechuun caalaatti gaarii ta’ee argameera

jechuun ibsa. Bara Kakuu Moofaa keessa Abrahaam ilma isaa Yisihaaqiif haadha

manaa akka barbaaduuf hojjetaa isaa erguun isaa in yaadatama. Bara sana

dhugumaan sirriitti milkaa'ummaa argateera. Bara amma keessa jirru kanatti illee

haala wal fakkaatu keessatti warra argamaniif fakkeenya gaarii ta’uu danda’a.

Abrahaamiin kan yaaddesse qarshii yookiin ulfina argachuu hin turre. Kanaa mannaa,

namoota aadaa fi Afaan isaa beekan keessaa durba ilma isaatiif haadha manaa taatu

argachuuf jecha karaa dheeraa deemeera (Uum. 24:3,67). Kanaafuu, «

biyya koo, lammii koo bira dhaqi! Yisihaq ilma kootiif durba barbaadii fidi» yeroo jedhu,

safuu kan beektu, qomoo warra Waaqayyo Abraamiin keessaa waame akka ta’e

argisiisa. Yommuu ilaalcha Abrahaamiin xiinxallee ilaallu, kan ulfina kennuu beektu,

aadaa isaa sirriitti kan beektu, karaa hundumaan walii galuu kan danda’an jechuu isaa

akka ta’e beekamaa dha. Abrahaam nama Waaqayyoon sodaatuufi amanatu waan ta

’eef kan ilma isaatiif haadha manaa taatu illee kanuma ta’uu qabdi jedhee yaadeera.

Bara sana dhugumaan sirriitti milkaa'ummaa argateera. Bara amma keessa jirru

kanatti illee haala wal fakkaatu keessatti warra argamaniif fakkeenya gaarii ta’uu in

danda’a. Filannoo keessatti nama Waaqayyoon sodaatuu fi amanatu amma argatanitti

deemuun barbaachisaa dha. Wanti nama dhibu Yisihaq amma ija isaatiin argutti illee

hin beekne ture. Waaqayyo Abrahaamiifis ta’e ilma isaa Yisihaqiif eeggannoo waan

godhuuf, haati manaa Yisihaq Ribqaan illee haadha manaa filatamtuu taatee argamte.

Akka haala bara keessa jirru kanaatti garuu, harki caalaan lachanuu fuulaa fi fuulaan

wal arganii, wal qoratanii, wal jaallatanii, isa booda gara maatii isaaniitti fidu. Ani

abaluun jaalladheera, hiriyyaa gaa’ilaa akka naaf taatuuf isin maal jettu jedhanii maatii

ofii gaafachuun caalaatti wal hubannaaf gaarii ta’a. Maatiinis jaalala ilma isaanii

beekanii, eenyummaa ishee qorachuu jalqabu. Kana booda akka aadaa isaaniitti

xalayaa yookiin jaarsolii filatanii ergatu. Jaarsooliin filataman sun dhaqanii mucaan

keenya mucaa keessan durbee abaluu jedhamtu jaallateera waan ta’eef adaraa

mucaa keenyaaf nuuf kennaa jedhanii gaafatu. Maatiin intalaas akka seeraatti waliin

marii’atanii, gurbicha jaallachuu ishee erga mirkaneeffatanii booda deebii kennuuf. Isa

booda naqataan akka aadaa naannoo sanaatti wal fuudhuu danda’u.

3:6. Gaa’ila milkaa’ina qabuuf of qopheessuu

Wanti hundumtuu yeroo isaatti in bareeda, ija gaariis in godhata. Waaqayyo yeroo

isaatti waan hundumaa gaarii godhee hojjetteera, gaa’ilas dhaabeera.

Gaa’ila dhaabbachuuf jabeessitee kan yaadduu fi kan kadhattu taanaan, duraan dursii

‘dhuguma ani itti qophaa’eeraa?’ jedhii of gaafadhu. Tarii ilaalchi kee jaalala, fedhii

saal-quunnamtii, hiriyyummaa, yookiinis fedhii ijoollee godhachuuf qabdu irratti qofa

kan hundaa’e ta’uu hin qabu. Yaadi akkasii namoonni Kristiyaana hin ta’iin yookiin bu’

aan gaa’ilaa maal akka ta’ee fi eegumsi isaa maal akka of keessaa qabu warri hin

beekin kan yaadanii dha.

Dargaggeessi fuudha yaadu seera bu’uuraa, “Maasii qopheeffattee, waan ittiin jiraattu

hamma argattutti mana hin dhaabbatiin!” jedhu irratti of eeggannoon yaaduu qaba

(Fak. 24:27). Akkas jechuun maal jechuu dha? Bara sanatti namni tokko ‘mana

dhaabbachuu yookiin maatii godhachuu yoo barbaade, ‘Qophii haadha manaa fi

ijoollee gara fuula duraatti godhannu jiraachisuuf na dandeessisu qopheeffadheeraa?

’ jedhee of gaafachuu qaba. Maasii fi waan ittiin jiraatu dursee qopheeffachuu isa

barbaachisa. Waaqayyo Addaamiin erga uumee booda utuu haadha manaa hin

kenniniif dursee hojiitti bobbaasee ture. Hojii Addaam hojjechaa ture keessa inni tokko

maqaa moggaasuu ture. Haadha manaa isaa iyyuu maqaa moggaasuu keessa

cinaacha isaa ilaalee hir'uu ta’ee argate; iddoo hir'uu isa fooniin guutame arge.

Kanaafuu, namni fuudhuuf yaadaa jiru dursee of haa qopheessu; hojii hojjetee ittiin

ishee fi of jiraachisuu danda'u qabaachuu qaba. Kunis immoo karoora Waaqayyo

baasee kenneefii dha. Seerri bu’uuraa kun har’as in hojjeta. Namni fuudha yaadu itti

gaafatamummaa gaa’ilaa fudhachuuf of qopheessuu fi hanga humni isaa

eeyyameefiittis irratti hojjechuu qaba. Dubbiin Waaqayyoo, nama maatii isaa

qaamaan, miiraa fi hafuuraan hin qunuunsine nama hin amanne caalaa hamaa ta’uu

isaa argisiisa (1Xim. 5:8).

Durbi heerumuuf murteessites itti gaafatamummaa hedduu fudhachuuf walii galti.

Macaafni Qulqulluun haati manaa yommuu abbaa manaa ishee gargaartuu fi mana

ishee qunuunsitu amalawwanii fi ogummaa ishee ta’uu isaa jajee dubbata (Fak. 31:10-

31). Dhuguma iyyuu, dhiirrii fi durbi itti gaafatamummaa isaan irraa barbaadamuuf

qophii utuu hin godhin jerjersuun gaa’ilatti yoo seenan hiriyyaa gaa’ilaa isaaniitiifis

maal akka godhan yoo hin beekan ta’e rakkoo gidduu isaaniitti fiduu danda’a. Hunda

caalaatti garuu namoonni gaa’ila dhaabbachuu yaadan seera bu’uuraa Waaqayyo

baase gaa’ila isaanii keessatti hojii irra oolchuuf of qopheessuu qabu. Dursanii

beekuunii fi irratti qoophaa’uun gaa’ila milkaa’ina qabu taasisa.

Boqonnaa afur

4:1. Gaa’illi itti gaafatamummaa guddaa qaba

Gaa’illi itti gaafatamummaa guddaa fi gammachuu hammana hin jedhamne kan qabu

yeroo ta’u, gama biraan immoo yoo karaa irraa jallate jireenya namatti hadheessuu fi

balaa guddaa uumuu danda'a. Gaa’illi jireenya dhala namaa keessatti waan iddoo

guddaa qabu, baay’ee bareeduu fi madda gammachuuti. Haa ta'u iyyuu malee gaa'illi

kun yoo sirnaan hin eegamne ta'e diigamuun isaa hin shakkisiisu.

Gaa’ilaaf qophaa’uun, itti gaafatamummaa Waaqayyo haadha manaa fi abbaa

manaatii kenne irratti yaaduu dabalata. Abbaan manaa mataa maatii Kristiyaanaa ta’

uu jechuun maal jechuu akka ta’e sirriitti hubachuu isa barbaachisa. Dhimmi kun

aarmaan olitti, boqonnaa 1.3.b. keessatti, sirriitti ibsameera. Kana jechuun garuu

maatii isaa cunqursa jechuu miti. Kristos mataa Waldaa Kristiyaanaa akkuma ta’e

abbaan manaa immoo mataa haadha manaati (Efe.5:23). Dubartiin Kristiyaana taates

akkasuma ga’ee guddaa haadha manaa ta’uudhaan raawwattu hubachuutu ishee irraa

eegama. ‘Seera ittiin abbaa manaa isheetti hidhamteef’ sanaaf ajajamuun

barbaachisaa dha (Rom. 7:2). Duruma iyyuu, seera Gooftaa jala jirti turte (Gal. 6:2).

Aboo abbaan manaa ishee maaticha irratti qabu in deggerti moo hin deggertu? Tarii

inni hoo nama cubbamaa dha, aboo isaa kanaaf ajajamuuf fedhii qabdii laata? Gaaffii

kana ilaalchisee deebii sagaleen Waaqayyoo kennu “Yoo dubartiin tokko dirqama kana

raawwachuu baatte heerumuu iyyuu hin qabdu” jedha.

Kana malees, hiriyyaan gaa’ilaa kam iyyuu wanta hiriyyaa isaatiif caalaatti barbaachisu

guutuuf of qopheessuu qaba. (Filph. 2:4). Phaawulos, ‘Tokkoon tokkoon abbaa manaa

akkuma kanatti haadha manaa isaa akka ofii isaatiitti haa jaallatu; haati manaas abbaa

manaa isheetiif ulfina haa kennitu!’ jechuun barreesseera (Efe. 5:33). Phaawulos,

qajeelfama Waaqayyo biraa argateen, abbaan manaa, haati manaa isaa ulfina akka

isaaf kennitu akka itti dhaga’amu akka barbaadu hubateera. Haati manaas abbaan

manaa ishee akka ishee jaallatu beekuu barbaaddi (Efe. 5:21-33).

4:2. Gaa’illi jalqaba malee xumura miti

Hiriyyoonni gaa’ila dhugaa dhaabbachuu barbaadan yoo wal jaallatanii walii galan,

yeroo gabaabaaf waliin jiraanna jedhanii hin murteessan. Jaalalli dhuma hin qabu

yookiis hin murteeffamu waan ta’eef isaan gidduu in jiraata. Haa ta’u iyyuu malee yeroo

har’aatti namoonni baay’een gaa’illi yeroo muraasaaf kan turu isaanitti fakkaata. Fedhii

isaaniis kan guutu waan isaanitti fakkaatuuf utuu baay’ee irratti hin yaadiin gaa’ilatti

seenu. Yommuu rakkinni isaan mudatu garuu battaluma sanatti wal dhiisanii adda

adda adeemuu waan isaanitti fakkaatu godhanii ilaalu.

Baayyeen isaanii immoo utuma beekanii dura waliin jiraannee erga wal ilaallee booda

wal fuuna warri jedhanis jiru. Yaadi akkasii kun warra Kristiyaanota hin taane biratti

beekamaa dha. Gara caala immoo biyyoota guddanneerra jedhan biratti babal’atee

jira. Harki caalaan isaanii erga waggaa baay’ee waliin jiraatanii, ijoollees horanii booda

wal fuudhu. Waggoota dabarsan keessa yoo toleef itti fufna, yoo mijachuu baate garuu

wal biraa deemna jechuun isaanii hin shaksiisu.

Gaa’illi waggoota lakkaa’uun kan walii mallatteessaa deeman miti. Sagaleen

Waaqayyoo akkuma gorsutti, hiriyyoonni gaa’ila waliin qabaatan gaa’illi isaanii itti

fufiinsa akka qabaatu yoo barbaadan waadaa yeroo wal fuudhan waliif galaniif ilaalcha

sirrii qabaachuu qabu. ‘Hamma dullumaatti, hamma du’aatti, yeroo gaddaatti, yeroo

gammachuutti, yeroo soorummaatti, yeroo hiyyummaatti’ inni jedhu gaa’illi dhuma

akka hin qabne kan mul’isuu dha.

Gaa’illi akka yeroo agarsiisa asoosamaa fi fiilmii wwan irratti hojjetamanii, agarsiisan

gammachuun isaa erga xumuramee booda kan dhaabbatu ta’uu hin qabu.

Jireenya Kristiyaanummaa keessatti garuu, gaa’illi jalqaba malee xumura miti;

jalqabumaa kaasee wanta Waaqayyo yeroo dheeraadhaaf akka itti fufamuuf

qopheessee dha (Uum. 2:24). Addunyaa har’a keessa jirru yeroo ilaallu garuu, wanti

mul’atu amanamummaan jireenya gaa’ilaa gidduu dhabamuu isaati. Kun ta’uun isaa

nama gaddisiisa. Aadaawwan tokko tokko keessatti, namoonni gaa’ila “funyoo walitti

gudunfame” wajjin wal fakkeessu. Hubachuu baatanis, fakkeenyi funyoo kun kan walitti

isaan hidhee hambisu hin fakkaatu. Tarii ‘maaliif?’ gaaffiin jedhu hin dhabamu ta’a.

Gudunfaan kam iyyuu hanga tokko gudunfamee waan turu fakkaata. Haa ta'u iyyuu

malee, deebi’ee hiikamuus in danda’a. Inni salphaatti gudunfames dafee

akkasuma hiikamuu danda’a waan ta’eef ulaagaa isaa cimsuun barbaachisaa dha.

4:3. Gaa’illi funyoo battee dha’ameen wajjin wal fakkaata.

Macaafni Qulqulluun gaa’ila fo’aa walitti fo’ame wajjin akka wal fakkeessu in

yaadatama. Funyoo batteen yeroo sadi walitti fo’ame cimaa ta’uun isaa shakkii hin

qabu. Doonii gurguddaan galaana irratti argamu funyoo foo’aan isaa toleen hidhama.

Bubbee cimaan yoo doonicha dhiibe illee iddoo isaatii hin sosocho’u. Sababiin isaa foo

’aa waan toleef wal duukaa dullooma malee salphaatti addaan ba’ee hin citu.

Haaluma wal fakkaatuun gaa’illi dhugaan inni sodaa Waaqayyoo

qabu akkasuma wal duukaa dullooma malee matumaa gargar hin ba’u. Baroota hafan

keessa wal jaallachaa, waliin hojjechaa, wal gargaaraa, waliin horaa, waliin qabaataa,

dulluma ulfina qabu argatu. Waliin dulloomuun kun kan agarsiisu: wajjin horachuu,

wajjin qabaachuu fi jaalala isa hamma dhumaatti waliin akka jiraatan taasisu

qabaachuu jechuu dha. Warri akkasii kun yeroo dheeraa keessa amalaanis ta’e bifaan

wal fakkaataa adeemu. Fakkeeny funyoo battee fo’aa tolee kun abbaa manaa, haadha

manaa fi Waaqayyootti fakkeefama. Sadii: abbaa manaa + haadha manaa +

Waaqayyo isa dhaabe ta’a. Kanaaf funyoon batten kun salphaatti kan hin cinne ta’a.

Kan warra Waaqayyoon kakuu isaanii hin dhaabbane, isa of gidduu dha hin qabnnee

akka funyoo qeentte lama qofaan fo’amee dafee cituu danda’a. Innis abbaa manaa fi

haadha manaa qofa yeroo ta’u, Waaqayyo gidduu hin jiru yoo ta’ee balaaf

saaxilamamoo dha jechuu dha.

Gooftaan keenya Yesus akkana jedhee dubbateera; “Waan Waaqayyo walitti qabsiise,

namni gargar hin baasin!”(Mat. 19:6). Egaa gaa'illi waan Waaqayyo walitti fidee

dhaabe waan ta'eef, atis gaa’ila dhaabbatteetta taanaan ilaalcha akkasii qabaachuu

qabda. Hamma addunyaa kana irraa godaananitti waadaa hin jijjiramnneen walitti

hidhamanii jiraachuudha malee gaa’ila ba’aa walitti taasisuu miti.

4:4. Hiriyyoonni gaa’ilaa ilaalcha waliif qaban

Hiriyyoonni gaa’ilaa ilaalcha sirrii waliif qabaachuu isaan barbaachisa. Lamaanuu,

amala gaarii hiriyyaan gaa’ilaa isaanii qabuu fi carraaqqii inni godhu irratti kan

xiyyeeffatan yoo ta’e, gaa’illi isaanii madda gammachuu ta’uufii danda’a.

Ilaalchi Waaqayyo gaa'ila irratti qabu dhugaa irratti kan hundaa’e waan ta’eef, amala

keenya isa gaariidhaan akka gaa'ila keenya ilaallu nu dirqisiisa. Faarfatichi, “Yaa

Waaqayyo, utuu ati irra daddarbaa namatti lakkooftee, silaa eenyutu si dura dhaabata,

yaa gooftaa?” jechuun gaafateera (Far. 130:3). Hiriyyoonni gaa’ilaas, ilaalcha akkasii

qabaachuu fi yakka waliif dhiisuu isaan barbaachisa (Qol. 3:13).

Gaa'illi Abrahaamii fi Saaraa, hiriyyoota gaa’ilaa yeroo har’aatiif fakkeenya gaarii kan

ta’u akkamitti? Deebii kanaaf, gaa’illi waggoota hedduuf jabaatee yommuu turu

caalaatti kan nama gammachiisu ta’a. Macaafni Qulqulluun, Abrahaamii fi Saaraan

umurii dullumaa keessa yommuu turan gaa’ila akkamii akka qaban nuuf ibsa. Jireenyi

isaanii guutummaatti rakkina irraa walaba ture jechuu miti. Saaraan isheen naannoo

umurii 60 keessatti argamtu mana ishee isa magaalaa Ur ishee soorettii keessa

jiraachuun baay’ee mijaa’aa ture dhiistee guutummaa jireenya ishee isa hafe

dunkaana keessa yommuu jiraattu maaltu akka itti dhaga’amu mee haa yaadnu. Kana

malees guutummaatti abbaa manaa isheetiif abboomamtee jiraachuu ishee argina.

Abrahaamiif gargaartuu dhugaa ta’uu dhaan murtoon isaa fiixaan akka ba’u ulfinaan

isa gargaarteetti. Isaaf kan abboomamte ana irraa haa ba’uuf qofa hin turre. Saaraan

abbaa manaa ishee Abrahaamiin gooftaa koo jettee waamti turte (1Phex. 3:6). Ulfinni

isheen Abrahaamiif kennaa turte garaai shee irraa kan madde ture.

Kana jechuun garuu Abrahaamii fi Saaraan yeroo hundaa wantoota hundaa irratti

ilaalcha wal fakkaatu qabaachaa turan jechuu miti. Yeroo tokko Saaraan yaada ‘

Abrahaamiin baay’ee rakkise’ dubbattee turte. Ta’us Abrahaam qajeelfama Waaqayyo

isaaf kenneen wanta haati manaa isaa jetteen gad of qabuun fudhateera, kunis rakkina

uumameef furmaata ta’eera (Uum.21:9-13).

Walumaagalatti, har’as hiriyyoonni gaa’ilaa haaraanis ta'ee warri erga wal fuudhanii

waggoota hedduu waliin dabarsan illee, gaa’ila abbaa manaa fi haadha manaa

Waaqayyoof bulan kana irraa barumsa hedduu argachuu danda’u jedheen abdadha.

4:5. Jaalalli abbaa manaa fi haadha manaa gidduu jiru cimaa ta’u isaa

Abbaa manaa fi haati manaa dhugaan walii walii isaaniitiif jaalala dhoksaa guddaa of

keessaa qabu fudhatanii waliin jiraatu. ‘Yeroo rakkinaa fi yeroo bal’inaa, yeroo

soorummaa fi yeroo hiyyummaa si jaallachuuf waadaa nan gala’ inni jedhamu jireenya

guyyaa dhaa gara guyyaatti waliin jiraatan irraa mul’ata. Lachanuu maqaa walii eeguun

ulfina bultii isaan gidduu jiru agarsiisa. Namni tokko tokko waan isaan hin ilaalle keessa

seenuun bultii nama biraa kan hadheessan jiru. Maqaan eenyummaa abbaa sanaa

waan ibsuuf eenyu illee maqaa isaa eeggachuu in jaallata, bakka hin barbaachifnetti

akka waamamu kan fedhu gonkumaa hin jiru. Jaalalli abbaa manaa fi haadha manaa

gidduu jiru cimaa dha.

Yeroo tokko nama sooressa ture, deebi’ee hiyyoome akka

fakkeenyaatti fudhachuun bu’uura barumsa kanaa nuuf ta’uu danda’a. Namichi horii

baay’ee qaba ture, garuu haala hin beekamneen deebi’ee hiyyoome.

Namichis gamna waan tureef nama ogummaan gorsa kennuuf tokko bira deemee

haala jireenya isaa isa duraan ture itti hime. Innis duraan sooressa akka ture, amma

garuu homaa akka hin qabne ibseef. Kanaafuu yoon maal godhen iddoo koo duriitti

deebi’u danda’a laata?” jedhee gaafate.

Namichi ogeesichis ‘Waan ani amma sitti himu yoo goote hundumaa in argatta, na

dhaggeeffadhu, gorsa waa sadiin siif kenna, isaan sadan kana laphee keeti qabadhu,

eegis! Gorsoota na biraa argattu tokkoon tokkoo isaaniif qarshii kuma lama lama

kaffalta’ ittiin jedhe. Gorsa jalqabaa akkas jedhe; “waan keessa si hin galchine keessa

hin galiin!” jedheen. Isa kanaaf qarshii kuma lama kaffalchiise. Inni lammaffaan immoo;

“karaa qaxxaamura hin adeemiin!” Isa kanaafis akkasuma kaffalchise, isa sadaffaa; “

waan darbeef of hin dhiphisiin” jedhee, gorsa isaa xumure. Namichis gorsa kana

sadan fudhatee utuu deemuu miiltoo karaa dheeraa deemaa jiran argate. Jarreen

lamaan kana wajjin utuu haasa’aa jiranii, isaan keessaa inni tokko karaa gabaa beeka

koottaa na duukaa jedhee jarreen fudhatee ka’e. Inni gorsa bitatee fudhatee deemaa

jiruu garuu lakki, ani ogummaa bitadheen galaa jira, innis karaa gabaabaa hin deemiin

naan jedheera, gonkumaa isinii wajjin hin deemu jedhee biraa hafee, karuma qajeelaa

qabatee adeeme. Jarreen lamaan isa irraa jallatanii karaa qaxxaamura irra sokkan

garuu utuu hin turin bineensa afaan bu’anii nyaataman.

Namichi kun garuu gorsa sadanuu fudhatee karaadhuma deeraa sana irra nagaa

dhaan deemssa isaa itti fufee mandara tokko yeroo ga’utti aduun itti dhiite jennaan,

mana kadhatee buluu ijaan barbaadaa deemaa ture.

Mana karaatti dhiyyoo ta’e tokko argee itti goree, “Yaa warra manaa!” jedhee waame.

Haati manaa mana keessaa “oo!” jettee owwaatte. Namichis, “Utuun karaa adeemuu

aduun natti dhiyee, karaan koo immoo amma iyyuu fagoo dhaa maaloo na bulchaa”

jedhee gaafate. Haati manaas deebifteefii; “Manni kan Waaqayyooti bulaa” ittiin jette.

Namichis ol seenee taa’ee achi ilaalaa as ilaalaa garaa isaatti waan baay’ee xinxaluu

jalqabe. Haati manaa as baatee keessummichaaf bishaan miillaa kenniteefii “hoo’u

dhiqadhuutii boqodhu!” ittiin jette. Namichi miillaan deemee dhufe waan ta’eef

dhiqachuu isaatti guddaa gammadee ture. Abbaan manaa bakkee dhaa waan hin

dhuufneef ammasitti nyaata waa kenniteefii buna obaaftee abbaa manaa ishee eegde.

Gara dhiyaatti abbaan manaa bakka turee dhufee ol seene. Haati manaa sun waa’ee

keessuummaa karaa utuu adeemuu gara mana isaaniitti goree iddoo bultii ishee

gaafachuu isaa fi isheenis buli ittiin jechuu ishee abbaa manaa isheetti himte.

Keessumichis simannaa godhameefiitti guddaa gammadee utuu jiruu, jara lamaan wal

cinatti ilaaluu jalqabe. Yeroo abbaa manaa ilaalu baay’ee nama bareedaa dha, yeroo

haadha manaa ilaalu garuu baay’ee fokkiftuu dha. Maatiin sunis lukkuu yookiin

hindaaqqoo qalaniifii dhiyaana gaarii qopheessuufii jalqaban. Keessummichis, hamma

dhiyaanni ga’utti maal maatiin akkasii jechuu dhaan raajeffataa ture. Innoo nama akkas

bareedu, tarii hojjettuu isaati moo haadha manaa taati laata jedhee gaaffiin mataa isaa

keessa deddeebi'aa ture.

Yeroon dhiyaanaa ga’e jennaan keessummicha ”kottuu keessummaa keenyaa!, waliin

dhiyaana nyaanna!” jedhanii waaman. Namichis hamma irbaata nyaatu kana ija lachan

isaanii keessa ilaalaa, maal wanti raajiin kun jechuun garaa isaatti raajeeffachaa ture.

Dhiyaana booddee gaaffii gaafachuu barbaadee afaan isaa irratti hafe, garuu “maaliif

waan keessa ana hin galchine keessa gala jedhee?” gorsa fudhatee dhufe yaadatee

dhiise. Gaaffiin inni qabu abbaa manichaaf ture; ”Ati nama midhagaa, dhaabbii

tooleessa kana fakkaattu kun maaliif dubartii bifi ishee fokkisaa ta’e kana fuute” jedhee

gaafachuuf ture. Garuu utuu itti dhiphatuu bakka bultii isaa dhaqe. Halkan guutuu utuu

itti dhiphatuu, gaafadhu moo dhiisuu? utuu jedhuu hirriba malee bule. Takka takka

waan nu hin ilaallanneef irriba dhabna. Keessumichis bulee, borumtaa isaa warra

manaa sana galateeffatee, deemuuf ka’e.

Deemuu isaa duraa galmee yaada keessummootaa ibsuu itti fidanii, mee keessummaa

keenyaa! ‘gaariif gadhee mana keenya keessatti argite as irratti nuuf katabi’ jedhaniin.

Nama sila iyyuu gaafii qabutti yeroo galmeen yaada ofii irratti ibsan itti kennamu maaltu

itti haa dhaga’amu jettu ree!

Innis galmee jaraa irratti barreesse; waa’een mana isaanii, waa’een keessumsiisuu

isaanii, hundumtuu gaarii akka ta’e erga barreessee booda, waa’ee haadha manaa

sana bira ga’ee isa yaadee turee barreesuuf eega ka’ee, gorsa bitatee galaa jiru

yaadate, innis “waan ana hin galchine keessa maaltu na galche?” jechuun, “haati mana

kees barreedduudha” jedhee barreessee kenneef.

Waan nama dhibu, abbaan manichaa sila iyyuu wanti inni eegaa ture waan waa’ee

haadha manaa isaa jedhamu arguu dha waan ta’eef sardamaan isa keessummichi

barreesse ilaale. “Haati manaa kees nama barreedduu dha” isa inni jedhe yommuu

argu in gammade.

Isa booda furtuu sadii itti kennee, dhaqii saanduqoota sadan kana babbanii waan

keessa jiru hunduma isaa fudhadhu ittiin jedhe.

Keessummichis balbala jalqabaa yeroo banu, qarshii fi warqee baay’ee keessatti

argee, kana hundumaa fudhadhu naan jettee ree jedhe? Eeyyee fudhadhu! jedheen.

Namichis horii baay’ee fi warqee baay’ee fudhatee korojoo isaa keessa keewwate.

Saanduqa lammataa yeroo banu immoo, uffata irraa fi jalatti uffatamu mimmiidhagoo

fi hawwatoo baay'ee argee kuniis kan naaf kennamuu ree? jedhe gaafate. Namichis

eeyyee fudhadhu! ittiin jedhe.

Furtuu isa sadaffaadhaan immoo balbala isa sadaffaa akka banuuf kenneef. Lakki

gooftaa koo kun iyyuu na ga’a, isa sadaffaa immoo yeroo biraan fudhadha ittiin

jennaan, lakki ammuma bantee fudhatta malee hin ta’u ittiin jedhe. Yeroo balbala isa

sadaffaa banutti lafee namoota mataan irraa ciccitee, harki irraa mummuramee achi

keessatti naqamanii jiranii argee, baay’ee na’ee mataa qabatee ijaajje. Kanas nan

fudhadha moo gooftaa koo? jedhee gaafate. “Lakki! kana fudhu siin jechuu koo miti,

nuti keessummoota akka kee baay’ee bulchinee turre; hundumti isaanii haati manaa

kee fokkiftuu dha! warra naan jedhan morma isaanii ciccireen achi keessa naqe. Waan

isaan hin galchine keessa galanii fokkisummaa haadha manaa kootii galmeessaa

turan, ati garuu haati manaa kee bareedduu dha! waan naan jetteef kana argatte.

Qabeenyi ati amma fudhatte kun hunduu kan warra du’anii ati argite kanneeniiti; ati

keessummaa kabajamaa keenya taatee argamteetta” ittiin jedhe.

Fakkeenya kana irraa wanti guddaan hubannu, abbaan manaa fi haati manaa tokko ta

’uu isaanii fi jaalala dhokataa waliif qabaachuu isaaniiti.

Jaalalli abbaan manaa kun haadha manaa isaatiiff qabuu midhagina bifaatii ol akka

ta’e waan beekuuf haati manaa isaa kun midhagduu ta’uu ishee, jaalala isheef qabu

yaada kamiin iyyuu oofamee geeddaruu akka hin dandeenye hubanna. Yaadi lamaan

isaanii sirriitti hubatamaa ta’uun isaa ilaalcha isaan waliif qaban irraa madaaluun in

danda’ama. Waliif amanamuun isaanii bultii isaanii shakkii akka hin qabaannee

gochuu irra darbee gammachuu qofa ta’a.

Warrii gaa’ila isa dhugaa akkasii qaban, beekumsa, ogummaa fi hubannaa walitti

dhufeenya abbaa manaa fi haadha manaa gidduu jiru jaabeessuu dhaan faay’daa

guddaa akka argatan in abdatama (Fak. 24:3-4). Namnii ogummaadhaan ijaarama,

hubannaadhaanis jabeefamee in dhabama. Ogummaan akkasii bultichaafis ta’e

jireenya manichaa wanta gati-jabeessa fi badhaadhummaa nama gammachiisu

hundumaan in guuta. Walii amanamuun ilaalcha waliif qabanii fi hawwii jireenya

isaanii keessa jiruu fixaan baasaaf. Mannii ogummaan ijaaramuu hin digamu!

Amalawwan gaarii maatii sana keessatti argisiisaa, guddisaa, eebbisaa adeema. Bultii

wal hubannaa fi jaalala dhugaa akkasii qabaatu argachuuf dubbii Waaqayyoo sirriitti

fudhachuun baay’ee barbaachisaa dha. Namni hubataa ta’e yaadaa fi miira hiriyaa gaa

’ilaa isaa hubachuun jireenya waliin jiraataniif faayydaa guddaa isaa argisiisa (Fak.

20:5).

Kanaafu, “Yaa ilma koo, dubbii ogummaa kootii dhaggeeffadhu, gurra kees gara wanta

ani hubannaa dhaan dubbadhuutti qabi!” (Fak. 5:1). Jaalallii abba manaa fi haadha

manaa gidduu jiruu ogummaa kan dabalate fi iccittii jaalalaa gidduu isaani jiruu kan

eeguu fi kabaja kan kennu dha. “Sababiin walitti hafuu keenya, walitti maxxanuu

keenya!” akkuma jedhamu bultii kam iyyuu keessatti, walii amanammuu, wal

fudhachuu wal hubachuu, kabaja walii eeguun, waan tokkummaa sana dalansiisuu

irraa of fageessuun hojii ogummaa ti. Gaa’illi akkasii utuu bareeduu itti fufun isaa kan

biroof fakkeenya ta’e argamuu danda’a. Sababiin isaa jaalalii abbaa manaa fi haadha

manaa gidduu jiru sun cimaa waan ta’eef gaa’illi isaanii jabaatee dhaabbata.

4:6. Walitti dhufeenya Abbaa Manaa fi Haadha Manaa Gidduu

Daangaan walitti dhufeenya haadha manaa fi abbaa manaa gidduu jiru hamma

eessaatti deema jettanii yaaddu? Gaaffiin kun yeroo baay’ee dargaggoota erga gaa’

ila dhaabbatanii turtii dheeraa waliin hin dabarsine biratti hibboo guddaa ta’e mul’ata.

Yeroo dubbatan, “Karaa haadha koo yookiin abbaa koo illee natti hin dhufin waan

fedhetu hafa malee” jechuun utuu wal irratti ka’anii argina. Dhimma kana ilaalchisuun

waan heeduu dubbachuun in anda’ama.

Tarii ati haadha kee yookiin abbaa kee yookiin obboloota kee yookiin firoota kee

garmalee jaallattaa? Jaallachuun gaarii dha, kun Waaqayyo birattis fudhatama kan

qabuu dha. Jireenyi kee waan hundumaan of dandeesee, gaa’ila dhaabbachuuf

yommuu yaadu nama sanyii kee yookiin fira kee hin taane keessaa tokkotti garaan

kee gammaduudhaan jireenya gara fuula duraa wajjin jiraachuuf murteessitee, ittis

galta. Sababa haadha manaaf jecha abbaa ofii, haadha ofii dhiisuu fi foon tokko ta’uu

irra deddeebinee ilaalleerra(Uum. 2:24).

Kana jechuun, adeemsa jiruuf jireenya isaanii keessatti akka duraanii maatii

dhaggeeffachuun ajaja isaaniitiin geggeeffamuun, murtoo isaanii fudhachuu fi kkf

dhaabuudhaan yaada isa jaalallee isaa/isheetiin burqu irra dhaabachuun murtoo

kennuu, jaalala walii isaanii gidduu jiru kan maatii isaaniitiin wal qabsiisuu dhaabuu,

akka abaluu faa utuu hin taane walii isaanii qofa irratti hirkachuu jalqabu jechuu dha.

Egaa, namoonni tokko tokko jaalalli isaan jaalallee isaaniif qaban kan maatii isaaniif

qabaniin gadi ta’ee hojii dhaan yeroo itti mul’atu argina. Kana irratti wanti hubachuu

qabnu tokko jira. Innis, wanti akkasii wallaalummaa keenya irraan kan ka’e nu

gidduutti uumamuun jireenya gaa’ila keenyaa kan jeequu dha malee jaalallii fi walitti

dhufeenyi nuti jaalallee keenyaa fi maatii keenya waliin qabaannu iyyuu raawwatee

tokko ta’uu hin danda’u.

Wantootti akkasii yoo jiraatan, gaa’ila dhugaa hin ta’u. Wal gowwomsuu fi gaa’ila

hundee hin qabnee ta’a. Wal dhiisuuf illee salphaa ta’u danda’a. Egaa gaa’ila

Waaqayyo walitti hidhe kan biraatiin madallee gatii dhabsiifna yoo ta’ee bara jireenya

ofii gaddaa hafuu ta’a. Kanaafuu dursanii beekuun barbaachisaa dha.

Gocha irraa baramuu danda’u tokko yoon dubbadhee natti tola. Namichatu haadha

manaa isaatiin “Anii haadha koo eenyuun iyyuu hin qixxeessu” jedhe. Isheenis

deebiftee, “Anuma iyyuu hin jaallattu jechuu dhaa?” jette gaafatte. Inni immoo, “Sirrii

dha, haadha koo naaf hin caaltuu” jedhe deebiseef. Kana yommuu dhageessu haati

manaa isaa dhaqxxee manguddootatti himattee jaarsummaa itti baafatte.

Maanguddooni kunis isa waamanii, “Haadha kee moo haadha manaa kee irra

jaallata” jedhanii gaafatan. Deebiin isaa, “Maaloo karaa haadha kootii natti hin

dhufinaa” kan jedhu ture. Walitti isin araarsinaa kottaa jedhanii lachan isaaniitii fi

haadha namichaa (amaatii haadha manaa) itti dabalanii waaman. Jalqaba haadha

isaatii fi haadha manaa isaa gidduu isa dhaaban. Kana booda uffata inni uffatee ture

isa irraa keessatii jalqabanii hamma isa dhagnna isaatti aanuutti ittii baasisanii

butaantii duwwaan irratti hafe. Kana booddee namichi akkuma haadha isaatii fi

haadha mana isaa giddu jirutti maaltu natti dhufe jedhee qaaniidhaan bir’achuu

jalqabe. Itti aanssanii butaantaa qaama saalaa isaa dhoksuuf iyyuu irraa baasisan.

Yeroo kana qaanii (qullaa) isaa dhokffachuudhaaf gara haadha manaa isaatti

garagale, haadha manaa isaa haammatee, haadha isaatii fi manguddoota sanatti

dugdda galffate ijaajje. Dhuma irratti maanguddoonni sun namichaan “Yaa

namichoo! Eenyuun iyyuu caalaa kan sitti antuu qaanii kee kan siif dhoksitu haadha

manaa kee akka taate atu mirkaneesiteetaa egaa nagana mana keessanittti gala”

jedhanii walitti isaan araarssanii galchan jedhama.

Walitti dhufeenyii haadha manaa fi abbaa manaa gidduu jiru waan hundumaan ol ta’u

isaa kana irraa in hubanna.

4:7. Gaa’illi Waaqayyoon gammachiisu maal fakkaata?

Gumii Kristiyaanaa keessatti hiriyyoonni gaa’ilaa gammachuu qaban kumaatama

hedduutti lakkaa'aman jiru. Haati manaa abbaa manaa isheetiif ulfina kennuun,

abbaan manaas haadha manaa isaa jaallachuu fi ulfina kennuufiin, hunda caalaa

immoo lamaanuu jaalala Waaqayyoo raawwachuuf dursa kennanii warri jiraatan

hedduudha. Gaa’ila dhaabbachuu murteessinaan, hiriyyaa gaa’ilaa ogummaadhaan

akka filattu, qophii gaarii akka gootu, gaa’ila Waaqayyoof ulfina argamsiisu akkasumas

gaa’ila nagaa fi jaalala qabu qabaachuuf akka carraaqxu in hawwama. Yoo danda'ame

gaa’illi kee jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguuf kan si gargaaru ta’uu qaba.

Bara Kakuu Moofaa keessa abbootiin beekkammoo ta’an haadha manaa tokkoo ol

qabu turan. Jarreen akkasii haadha manoota isaanii wal qixxee gammachiisuu hin

dandeenye, caalaattuu cubbuu horachuu isaanii argina. Haa ta’u iyyuu malee,

Waaqayyo waaqni waaqessan tokkoo ol akka fuudhan eenyumaafuu hin eeyyamne.

Isa kana immoo Kristiyaanonni in hubatu (Uum. 2:22-24; 1Xim. 3:2). Egaa gaa’illi

Waaqayyoon gammachiisu kan jaallatu, kan wal kabaju, kan waliif obsuu fi akka

sagalee Waaqayyootti kan deddeebi’u ta’uu qaba.

4:8. Gaa’illi umurii meeqaa kaasee yoo dhaabbate gaarii ta’a?

Yeroo tokko dubartiin umuriin ishee waggaa jaatamii saddeet ta’e tokko abbaan manaa

ishee irraa duunaan kophaa jiraachuu koo irra heerumuun qaba jettee yaada ishee

naaf hirte. Akka aadaattis ta’e akka umuriittis waan natti hin fakkaanneef kolfeen

callise. Garuu isheen hin callifne, ittuma fuftee nama wal gitan tokko kan umuriin

waggaa torbaatamaa argattee, walitti dhufani, wal fudhanii, waliin jiraachuu jalqaban.

Fedhiin fuudhaa fi heerumaaf qaban waan jaalala of keessaa qabuuf dafee nama jalaa

hin dulloomu. Fedhiin gaa’ilaa umuriin hin daangeffamu, hamma namichi ofii dadhabuu

isaa hubatutti hin dhaabbatu.

Caalaatti ijoollummaa irraa gara dargaggummaatti yeroo ce’an baay'ee nama

gammachiisa (Fak,12:1). Akka seera addunyaatti umuriin ijoollummaa waggaa 18 gadi

yeroo ta’u isaa olii hanga waggaa 30 gidduutti argaman immoo dargaggeessatti

ramadamu. Baay'een isaanii yooman waggaa 18 guutee ofiin buluu danda’a? jedhanii

waggaa lakkaa’u. Waan dargaggoon hojjetu hojjechuun qaba jedhanii ariifatu.

Sababiin isaa umurii waggaa 18 gaditti warra wajjin waan jiraataniif to’annaa yookiin

eegumsa isaanii irraa walaba ta’uu barbaadu.

Ijoo gaaffii mata-duree kanaa bakka sadiitti qoodnee ilaaluu dandeenya.

1. Waggaa 18 erga guutanii booda dafanii jaalallee tokko barbaaddatanii waliin

jiraachuu kan barbaadan dargaggoonni in jiraatu. Warri akkasii sagantaa fuula

durratti akkasitti jiraanna jedhanii hin qopheeffatan. Kunis sababa wal jaallatan

qofaaf yookiin immoo hordoffii maatii jalaa ba’uu waan fedhaniifis ta'uu danda'a.

2. Dargaggoonni tokko tokko immoo gorsa warraa dhaga’anii jiraachuu barbaadu.

Isaanis waan dursuu qabu irratti hojjetu. Jalqaba barumsa isaanii barachuu,

hojii qabaachuu, manaa fi konkolaataa bitachuu, waan ittiin jiraatan erga

qopheeffatanii booda haadha manaa fuudhan barbaaddatu. Isaan akkasii warra

isaanii wajjin walitti dhufeenya cimaa warra qabaanii dha.

3. Dargaggoonni tokko tokko immoo umuriin isaanii utuu fuudhaaf ga’ee jiruu

tasumaa ani dirqama tokko iyyuu of irratti fiduu hin barbaadu jechuu dhaan

kophaa isaanii jiraachuu filatu.

Dhimma kana ilaalchisee Macaafni Qulqulluun maal jedha? Erga fuudha ga’anii booda

yoo gaa’ila dhaabbatan wanti isaan dhorku jiraa? Gaaffii kana deebisuuf; Phaawulos

ergaa isaa is Waldaa Qorontositti barreesse Isa Duraa 7:36 irratti «Namni tokko fuudha

ga’ee, kaadhima isaa fuudhuu dhiisuun isaa akka waan ishee irratti daba hojjetee yoo

itti fakkaate garuu, fuudhuun isaas hin oolu erga ta’ee, akkuma dur jaallatetti wal haa

fuudhan; akkas gochuu isaatiin cubbuu hin hojjetu» jedha. Karaa biraa immoo,

«Mucummaa kootti akka mucaatti nan dubbadhe, akka mucaatti nan yaade, akka

mucaattis sababii nan kennan ture; amma garuu ergan nama ga’aa ta’ee, akka

mucaatti jiraachuu dhiiseera» jedha (1Qor.13:11).

Uumamni hundumtuu fedha Waaqayyoo waan ta’eef ilmoon namaas akka fedha isa

isa uumeetti jiraachuu qaba. «Sababii kanaaf dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa

haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in ta’u» (Mat. 19:4-5).

Umurii gaa’ila dhaabbachuuf na dandeessisu irra ga’us yeroo muraasaaf qeentee/

qophaa ta’ee turuun koo faayidaa naaf argamsiisuu kan danda’u akkamitti? Phaawulos

dhimma kana sirriitti ibseera (1Qor.7:32-34,37,38). Gaa’ila dhaabbachuu yoon filadhe,

namni ani fuudhu yookiin itti heerumu nama amanamaa/amanamtu, Waaqayyotti kan

amanu/amantuu ta’uun baay’ee barbaachisaa dha. Kunis immoo waan

amanamummaa dhugaa of keessatti qabatee adeemu ta’u isaa argisiisa (1Qor. 7:39).

Filannoo hiriyyaa gaa’ilaa keessatti ergaan Phaawulos geggeessitoota Waldaa

Kristiyaanaan wal qabsiisee dhimmoota barbaachisoo ta’an tuqee ifaa taasisseerra.

Fakkeenyaaf: 1Xim. 3:1-7 keessatti akkuma barreeffame, obboleettiin tokko namni

isheen hiriyyaa gaa’ilaa godhachuu barbaaddu maal akka ta’uu malu ibsa. Itti

dabalataan immo Macaafni Fakkeenyaa 31:10-31, obboleessi tokko hiriyyaa gaa’ilaa

ogummaan filachuuf maal akka gochuun irra jiraatu bal’inaan ibsa.

Boqonnaa Shan

5:1. Gaa’illi tokko yeroo diigamuuf jedhu maal fakkaata?

Gaa’illi nama beeknu tokkoo yeroo rakkin iarra bu’u maaliif jennee gaafachuun

keenya hin hafu. Bara 1996 keessa namni lammii Itoophiyaa ta’e tokko barumsaaf

gara biyya Raashiyaa deemee ture. Utuu barumsa irra jiruu dubartii lammii biyya

sanaa tokko wajjin wal jaallatanii wal fuudhan. Turtii isaanii keessa ijoollee durbaa

lama wal irraa godhatan. Erga barumsa isaa xumuree booda biyyuma sanaa hojii

argatee hojjechuu jalqabe. Waggaa shan erga hojjetee booda haadha manaa isaa fi

ijoollee isaa fudhatee gara biyya isaatti gale. Haati manaa namichaas biyya

Raashiyaatii gara biyya Itoophiyaa yeroo dhuftetti aadaanis ta’e qilleensi isaa itti

jijiiramuun isaa hin hafne. Waan kana ta’eef sodaa guddaan akka itti dhaga’ame in

mul’ata. Yeroo hundumaa nu biraa hin deemiin ittiin jetti turte. Inni garuu wanti nama

sodaachisu akka hin jirree fi hawaasni Itoophiyaa aadaan isaa keessummaa

simachuu, nama kabajuu, ulfina walii kennuu, safuu walii eeguun baay’ee beekamaa

dha jedhee itti himaa ture. Aadaan kam iyyuu hamma itti baramutti xinnoo nama

rakkisuu danda’a. Kan ofiis biyya ormaatti dhaqanii calaqqisiisuun kan hubatuuf yoo

hin jiru ta’e kophummaan namatti dhaga’ama. Haa ta'u malee lafa dhaqan hundatti

aadaa saba sanaa fi seera biyya sanaa beekuun barbaachisaa dha.

Haati manaa namichaas akkuma aadaa biyya isheetti ol aantummaa abbaa manaa

ishee irratti argisiisuu yaallaan namichaaf liqinfamuu dide. Rakkoo ta’e kan mul’ate,

aadaan isheen itti guddattee fi aadaan guyyaa keessa itti dhufte baay’ee garaa

garummaa guddaa qaba. Namichis garaa garummaa aadaa biyya ishee jiruuf biyya

isaa keessa jiru addaan baasee dursee itti dubbatee ture. Garuu, isheedhaaf

matumaa waan gale hin fakkaatu. Takka takka kaatee kaballaan maddii isaa rukutti

turte. Yeroo tokko duwwaa utuu hin ta’in yeroo baay’ee akkas gooti turte. Waan

kana hundumaa gochuu isheetti tasumaa hin gaabbitu turte. Qomoo ishee kan ta’an

sababa hojiif magaalaa sana keessa kan jiraatan kallattiin dhufanii in gorsu;

matumaa abbaa manaa kee hin kabaliin! Kun aadaa isaa miti, hin gaddisiisiin ittin

jedhu turan. Gocha raawwachaa turteef illee dhiifama gaafadhu! jedhuun turan;

garuu isheen hin fudhattu turte. Namichis kana hundumaa danda’aa gara waggaa

kudhanii waliin jiraatan.

Dhuma irratti obsa isaa erga fixatee booda gaaf tokko sagalee guddaan ifate, cal

jedhi! kana booda ana hin rukuttu jechuun naasise, isa booda dhiisee deemuuf

murteesse.

Waggaa kudhan booda gaa’illi isaanii diigame, abbaan manaa waan qabu hundumaa

isheetti dhiisee biraa adeeme. Waan garaa isaa guutuudhaan murteesseef garagalee

homaa gaafachuu hin barbaanne. Gaabbii fi eegeen booddee deemti akkuma

jedhamu, erga abbaan manaa biraa adeemee halkan lama bulee booda kottuu gali

jettee itti dhaamte. Namichis gonkumaa ani galuu hin fedhu! ittiin jedhe. utuu

beekteetta ta’ee, anatu si reeba ture, garuu “Garagalchoo isaa miilli mataa hooqe”

jedhu jedhee itti mammaake. Ati sababa nama biyya ormaa taateef siif obsinaan,

waan ani si sodaadhe sitti fakkaate. Na jeequufi na rukutuu dhiisi siin jennaan ittuu

caalchiftee nagaa koo booressite. Kun aadaa koo yookiin amantii koos miti. Ani kana

booddee nagaan jiraachuun barbaada. Yoo ta’ees immoo, ishee na jaallattee, naaf

abboomamtee jiraachuu feetu malee ishee akka gaangoo nama dhiittu, akka sarees

nama ciniintu, hiikni gaa’ilaa kan hin galleef hin fedhu jedhee dubbii garaa madeessu

itti dhaame. Ati yoo barbaadde biyya keetti deebitee galuu dandeessa; dhimma

ijoollee keenyaa yoo ta’e immoo seeraan waan goonuu in marii’anna jedhee

deebiseef. Yeroo kana gaddi guddaan isheetti dhaga’ame, anoo akkas ta’a jedhee

hin yaadne; biyya koo keessa yeroo waliin jiraachaa turre kana caalaan kabala hin

turree? Har’a maaliif kaballaa koo jibbe? jettee of gaafachuu jalqabde.

Kana booda abbaa manaa isheetti araaramuuf yeroo baay’ee kan yaalte ta’u iyyuu

hin milkoofneef. Bultii keessatti yaadni yoo wal dhiite rakkoo guddaa fida, ulfinaa fi

jaalala waliif qaban huqqisaa adeema.

Jarreen kun lachan waan wal dhabaniif gargar kan ba’an yommuu ta’u ijoollee isaanii

durbaa lamaan kophaa ishee guddisaa turte. Gaa’illi aadaa gara garaa keessaa

warra dhufaniin dhaabbate darbee darbee rakkoolee kana fakkaatan qabaachuu

danda’a. Haa ta’u iyyuu malee, wal fuudhuu dura aadaa kan walii isaanii, waan

jibbanii fi waan jaallatan, waan aadaan biyya ormaa sun fudhatuu fi jibbu, ulfina gaa’

illi qabu, kabaja waliif qabaachuun irra jiraatu walitti dubbachuun baay’ee

barbaachisaa dha. Waanuma nama ta’eef qofa itti heerumu utuu hin ta’iin, yookiis

waanuma nama taateef qofa bareedina qaama bakkee qofa ilaalanii fuudhu utuu hin

ta’in, jireenya ani jiraadhu na wajjin jiraachuu in dandeessii? Naa wajjin jiraachuu in

danda’aa, fannoo ani baadhu na wajjin baachuu dandeessii? In danda’aa?Yeroo

rakkinaa fi yeroo bal’inaatti, yeroo dhukkubaa, dullumaa fi du’aatti, waliin jiraachuuf

jedhanii sagalee Waaqayyoon madaalanii wal fuudhuun jireenya isaanii isa fuula

duraaf gaarii ta’aa adeema. Inni guddaan, gorsa gaarii Waaqayyo gaa’illi milkaa’aa

akka ta’u haa gargaaruuf karaa Macaafa Qulqulluu kenne hundumaa hojii irra

oolchuu dha (Far. 119:105).

5:2. Rakkoolee Gaa’ila keessaatti argaman fi diigama fidan

Rakkoowwan ciccimoon gaaʼila keessatti uumaman, hiriyaan gaaʼilaa inni tokko ykn

lamaan isaanii gargar baʼuu ykn wal hiikuu akka yaadan gochuu dandaʼu. Biyyoota

tokko tokko keessatti, hiriyoonni gaaʼilaa harkii caalaan wal hiiku. Rakkinni kun

namoota Kristiyaanoota ta’an keessatti akka warra hin amaninii yoo baayyachuu

dhaabaatan illee bakka garaa garaatti in mul’atu. Rakkoowwan akkasii saba

Waaqayyo gidduutti yommuu dabalaa, guddachaa, adeemuu guddaa nama

gaddisiisa. Karaa rakkooleen kun ittin uumaman waa yartuu ishee akka armaan

gadiitti isisnii ibsuun barbaada.

Baay’een isaanii utuu wal hin qorattin waan wal fudhaniif, haala gara garaa keessatti

yeroo walitti dhufan, fedhii ofii utuu walitti hin beeksisiin yeroo waliin jiraachuu

jalqaban, rakkoon tokko tokko uumamuun isaa in argama. Akkuma armaan olitti

boqonnaa adda addaa keessatti caqasame, amaloonii duraan hin beekamnee

adeemsa yeroo dheeraa keessa mul’achaa ykn argamaa adeemuun isaanii ifaa

dha.

Bay’een isaanii erga waliin jiraachuu jalqabanii, ijoolee waliin horranii booda

horii/maallaqa irratti yeroo wal dhaban mul’ata. Karaa biraa immoo, biyyaa alaa taa’

anii biyyaa keessan dhufeen haadha manaa fuudha jedhanii yeroo murteessan,

yeroo gabaabaa keessatti biyyaa fi biyyaa alaa keessa utuu sirriitti hin qoratiin yeroo

wal fudhan rakkoon in mul’ata.

Yeroo tokko tokko waanti nama hin gammachiifnee illee in dhaga’ama. Kunis,

Sababa nama alaa dhufee haadha manaa barbaada jedhameef qofa walitti fidoonii

yookiin daldaaloonii in baay’atu. Haati manaa daldaalaan argamtu tarii haadha

manaa nama sanaaf taatu ta’uu dhiisuu dandeessi.

Al tokko tokko immoo namnii haadha manaa barbaadu biyyaa alaa irra dhufee dhaga

’amu nama naqataan dhisanii isa alaa dhufee duukaa kan bu’an darbanii darbanii

jiru. Tarii warri akkasii jaalala dhugaa qabaataniifii itti heeruumu utuu hin ta’in

qabeenya isaa ilaalanii ta’u danda’a. Akkasumas immoo sababa qabeenyaaf jecha

utuu hin jaallatin nama umuriin wal hin gitnne wajjin gaa’ilaan walitti dhufuunis akka

jiru in dhaga’ama.

Kana jechuun haati manaa fi abbaan manaa yeroo fudhatanii wal baruu, wali beekuu,

waliin kadhatanii Waaqayyo irraa mul’ata fudhachuun gaa’ila isaaniitiif cimina kenna.

5:3. Waa'ee wal hiikuu Macaafni Qulqulluun maal jedha?

Dhaloonni amma keessa jirru waa’ee gaa’ilaas ta’e waa'ee wal hiikuu akkuma isaaf

ta’utti hiikkachuu barbaada. Yoo itti tole waliin jiraachuu, yoo itti toluu baate immoo

wal hiikuun akka salphaatti ilaalamaa jira. Amantoonni mana Waaqayyoo keessa

deddeebi’an dursanii waa’ee wal hiikuu ilaalchiisee hubannaa ga’aa qabaachuu qabu

jedheen amana.

Garuu Macaafni Qulqulluun waa’ee dhimma kanaa maal jedha? Macaafi Raajichaa

Miilkiyaas 2:16 kan jedhu yaadachuun barbaachisaa dha, «Waaqayyo gooftaan inni

kan Israa’el. 'Namni haadha manaa isaa gad dhiisuun humnaan ishee irratti ka’uu

akka uffataatti uffachuu isaa waa ta’uuf, waanta akkasii baay’isee nan jiba; kanaafis

isin jireenya keessan eeggadhaa, amanamummaas hin dhabinaa!’ jedha». Akka

Macaafa Qulqulluutti gaa'illi bara jireenyaa hundumaatti amanamuu kan gaafatuu

dha. Kanaafuu, “Egaa isaan lama miti foon tokko malee; kanaafis waan Waaqayyo

walitti qabsiise namni gargar hin baasiin” jedhe Gooftaan Yesus (Mat. 19:6). Gaa'illi

namoota cubbamoota lama kan hirmaachisu waan ta'eef wal dhiisuun akka

mudachuu danda'u Waaqayyo in beeka. Kakuu Moofaa keessatti mirga kana

dhowwuudhaaf seerota tokko tokko dhaabeera, keessattuu Macaafota Musee kan

jedhaman keessaa waa’ee dubartootaa (Kes.24:1-4) kan inni kaa’e ilaaluun in danda’

ama. Kakuu Haaraa keessatti Yesus yommuu dubbatu, seeronni kun kan

kennamaniif sababa gara jabeenya namaa irraa kan ka’e akka ta'e ibsa malee fedhii

Waaqayyoo waan ta'aniidhaaf miti (Mat. 19:8). Garuu Gooftan Yesus akkana jedhee

waa’ee wal hiikuu dubbateera, «Yoo isheen ejjite malee, namni haadha manaa isaa

baasee kan biraa fuudhe in ejja” (Mat.19:9).

Akkaataa Macaafa Qulqullulutti falmiin waa'ee gaa'ila diiguu fi deebisanii ijaaruu

eeyyamamuu jalqaba jecha Yesus isa Maatewos 5:32 irratti dubbate irraa kan ka’e ta

’uu isaa argina. Innis “Yoo isheen ejjite malee namni haadha manaa isaa baasu,

akka isheen ejjitu in godha; namni dubartii gad dhiifamte fuudhus in ejja” jechuun

dubbateera. Dubbiin inni ‘yoo isheen ejjite malee' jedhu wal hiikuu fi deebisanii wal

fuudhuu ilaalchisee eeyyama Waaqayyo kennuu ta’uun isaa caaffata qulqullaa'oo

keessatti ifaa dha (Mat.19:9).

Jechi «Yoo isheen ejjite malee” jedhuu kun sagaagaluu, halalummaa kan

fakkaatanitti hiikamuu danda'a. Yesus yoo ejji raawwatame wal hiikuun akka

danda'amu dubbatee jira. Kunis abbaan manaa hadha manaa isaatii ala yookiin

haatii manaa abbaa manaa isheetii ala saal-quunnamtii kan biraa waliin yoo

qabaatan duwwaa wal hiiku jechuun isaa ifaa dha. Wal quunnamtiin saalaa namoota

gaa'ilaan walitti hidhamaniif bakka guddaa ta'e qabaata. Lachan isaanii foon tokko

ta'u (Uum. 2:24; Mat. 19:5; Efe.5:31) kan jedhu as keessatti ifaa dha. Akkuma

armaan olitti caqasame, bultii Waaqayyo waliif isaan kenneen alatti kan biraa waliin

wal quunnamtii saalaa yoo raawwatan seera waan cabsaniif wal hiikuu isaaniif

sababa ta'uu danda'a.

Akka aadaa warra Yihudootaatti dhiirrii fi dubartiin yeroo wal kaadhimmatanii jiranitti

illee akka waan wal fuudhaniitti ilaalamu. Aadaa keenya keessatti illee kun in mul’ata.

Wal kaadhimmatan jechuun wal fuudhan jechuu miti. Gara fuula duraatti wal

fuudhuuf wal naqatan jechuu dha. Wal fuudhan kan jedhamu yeroo fuula Waaqayyoo

fi fuula saba Waaqayyoo duratti waadaa waliif galanii wal fudhatanii iddoo tokkotti

galani dha. Namooti tokko tokko akka jedhanitti, warri wal kaadhimmatan saal-

quunnamtii qabaachuu in danda’u jedhu. Kun gonkumaa sirrii miti. Jarri kun wal

kaadhimmatanii mana adda addaa jiru malee waliin jiraachuu hin jalqabne. Tarii

gochi sagaagalummaa yookiin halalummaa isaan keessaa tokkoo isaanii irratti yoo

argame wal dhiisuuf karaa salphaa dha.

Akka Kanaan olitti ibsuu yaalle namni hiikee kan biraa fuudhuu danda’a isa

jedhameef lamaan isaanii keessaa kan hin ejjine duwwaatu kan biraa fuudhuu dhaaf

mirga kan qabu ta’uu isaa beekuun barbaachisaa dha. Ta'us, lammffaa fuudhuunii fi

hiikuun nama isa cubbuun isa irratti hojjetameef araara Waaqayyoo duwwaa dha,

garuu isa cubbuu ejjaa hojjeteef miti. 'Inni yakka hojjete cubbuu yakka hojjeteef itti

gaafatama waan ta’eef lammaffaa fuudhuudhaaf fakkeenyi inni jiraatu murteessaa

dha.

Kan biraan gargar ba’uu kan argisiisu yoo abbaan manaa yookiin haati manaa

Waaqayyoon hin amananne ta’e, sababa kanaaf gara gooftaatti wal fiduu hin

dandeenye yoo ta’ee qaamnii amanaa ta’e suun irraa addaan ba’u in danda’a.

Waaqayyo jireenya nagaatiif waan isaan waameef yeroo kanatti inni amane yookiis

isheen amante hidhata gaa’ilaatii hiikamuu isaanii ti (1.Qor.7:15). Jarreen lamaanuu

wal hiikanii kan isaan fakkaatu fuudhuun yookiin heerumuun akka danda'amu ifaa

dha.

Karaa biraa yoo ilaalamee, qaamni hin amanne yoo gaa'ila sana duursee hiike

qaamni amanataa ta'e immoo itti akka qabamee hin hafne dubbata. Macaafa

Qulqulluu keessatti akkuma caqasamee sababa sodaa Waaqayyo hin qabneef

yookiin hin amanaeef jecha halaluummaa, machii, albaadhummaa, jireenya gadi

dhiisii yoo in jiraata ta’e yookiin in jiraatti taate wali hiikuun sababa ga’aa ta’u danda’

a. Silattuu namnii amanaa ta’ee tokko wantoota kanaan olitti caqasaman irraa bilisa.

Egaa walumaagalatti, wal hiikuun kan raawwatamu sababa ejjaa fi amantaa waliin

mormu yoo qabaatan ta’uu isaa beekuun barbaachisaa dha.

5:4. Namoota wal hiikanii fi maatii isaaniitti maaltu akka dhaga’amu

Abbaa manaa fi haadha manaa gidduutti wal dhabinsi cimaan yommuu uumamu,

gaa’ilicha diiguun hunda caalaa salphaa fakkaachuu danda’a. Haa ta’u malee

biyyoota hedduutti lakkoofsi maatiiwwan diigamanii haala nama suukkanneessuun

dabalaa kan jiru ta’u iyyuu dhiirotaa fi dubartoota hiriyyaa gaa’ilaa isaanii hiikan

keessaa harki caalaan gaa’ila isaanii diiguu isaaniitti baay’ee akka gaabban

qorannoowwan dhi’eenyatti godhaman in argisiisu. Kanneen keessaas baay’een

isaanii warra gaa’ila isaanii hin diigne caalaa dhibee fayyaa qaamaa fi sammuutiif

saaxilamaniiru. Ijoolleen warri isaanii wal hiikan yeroo baay’ee waggoota

dheeraadhaaf wanti hundi dalga itti ta’uu fi gammachuu dhabuutu isaan irra ga’a.

Warrii fi michoonni namoota wal hiikaniis in dhiphatu.

Waaqayyo inni gaa’ila hundeesse haala kana akkamitti ilaala laata? Akkuma

beekamu sagaleen Waaqayyoo «ani wal hiikuu nan jibba» yeroo jedhu warri wal

hiikan funyoo cubbuu jala galuu isaanii argisiisa. Tarii haala akkasii fiduu kan danda’

an badiiwwan gurguddaa ta’uu dhiisuu malu. Wantoota xixiqqoo akka waan guddaatti

himachuun diigama maatii kanaaf dhimmoota gurguddaa ta’anii mul’atu.

Rakkoowwan akkasii jireenya kan ofii isaanii, ijoollee isaanii, lammii isaanii irratti

miidhaa guddaa fida.

5:5. Rakkoowwan gaa’ila keessatti uumamanii fi furmaata isaanii

Barnoota armaan olii keessatti akkuma ibsame, fedhiin Waaqayyoo gaa’illi hamma

du’aatti kan itti fufu ta’uu isaati (Uum. 2:24). Garuu gaa’illi namoota baay’ee kan

diigamuuf maaliif jettanii yaaddu? Gochi akkasii kun kan raawwatamu battaluma

tokkoon miti. Yeroo baay’ee haalli gaa’ilichi akka diigamuuf jedhu argisiisu in mul’ata.

Rakkoowwan xixinnoon gaa’eila keessatti mul’atan hamma furmaata hin argannetti

guddachaa deemuu danda’u. Rakkoowwan kun utuu hin turiin gargaarsa gorsa

Macaafa Qulqulluutiin utuu hiikamanii gaa’illi baay’een diigamuu irraa baraaramuu

danda’a ture.

Gaa’illi yoomuu taanaan obsaa fi jaalalaan geggeeffama waan ta’eef namni

sadaffaan utuu gidduu hin galiin achumatti jarreen lachanuu hiikuu qabu. Bultii

keessatti obsa qabaachuun jireenya isaan jiraataniif bu’uura guddaa ta’a. ‘Obsaatuu

silga goromsaa dhuga’ jedhanii warri mammaakan callisanii miti. Karaa biraa immoo ‘

Obsi guddaan dhagaa affeela, aariin xinnoon bishaan bobeessiti!’ jedhu. Nama

obsutu dubbii liqimsee bulcha. Sababiin isaa bor har’a miti. Guyyaan borii yaada

haaraa waan furmaata ta’u qabatee dhiyaachuu danda’a ta’a. Itti dabalata isaa

immoo wal danda’uun, wal dhaggeeffachuun, wal fudhachuun gaa’ilichaaf humna

guddaa ta’a.

Kanaafuu, qabiyyeewwan aarmaan olitti xuqaman yoo hiriyyoota gaa'ilaa lachan

gidduu jiraate, sababiin walitti dhufanii rakkoo isaan gidduutti uumamu waliin hiikuu

dadhabaniif hin jiraatu. Tarii waan humna isaaniitii ol ta’ee argama yoo ta’e garuu

gara Waldaa Kristiyaanaa isaaniitti fidanii rakkoo jiru himatanii hiika argachuun in

danda’ama. Waldaan Kristiyaanaa isheen jennu kan jaalala labsituu fi kuusaa iciiitii

waan taateef dhimma jarreen lamaanii qabattee fuula Waaqayyootti erga dhi’eessitee

booda akka seera sagalee Waaqayyootti walitti fiddee araarsitti. Kan Waaqayyo

walitti hidhe eenyu illee gargar hin baasiin! (Mat.19:6).

Kana irra kan darbe fuula abbaa seeraatti yoo wal dhi’eessan garuu harki

saddeettamni wal hiikanii wal biraa deebi’uu danda’u.

5:6. Gaa’ila keessatti waan hin jirre hin eegiin!

Yeroo baay’ee rakkina kan uumu hiriyyaan gaa’ilaa inni tokko yookiin lamaanuu

wanta hin jirre eeguu isaaniiti. Seenaawwan jaalalaa, barruuleen namoota biratti

fudhatama argatan, sagantaawwan televijinii akkasumas fiilmiiwwan, abdii fi hawwii

bira ga’amuu hin dandeenye nama keessatti uumuu danda’u. Abjuun isaanii kun

dhugaa ta’uu yeroo dhiisu, gowwomfamuun isatti dhaga’amuu, gammachuu dhabee

keessa isaatti gubachuu danda’a.

Abjuun hundi soba yoo ta’uu baate illee yeroo tokko tokko namoonni waan akkasii

abjoodheen ture, isatu naaf raawwate jedhanii yommuu dubbatan in dhaga’ama.

Akkasumas immoo baay’een isaanii abjuu abjootanii abjuun isaanii utuu hin

raawwatamin duwwaa ta’ee hafa.

Kun ta’u iyyuu namoonni cubbamoo ta’an lama gaa’ila isaanii irraa gammachuu

argachuu kan danda’an akkamitti? Gammachuu gaa'ilaa milkeessuu fi walitti

dhufeenya gaarii qabaachuuf carraaqqii guddaa taasisuu gaafata. Egaa waan ta’uu

hin dandeenyee fi waan hiika hin qabaanneef jecha gaa’ila kee isa Waaqayyo siif

kenne hin diigin!

5:7. Wantoota gaa’ila keessatti wal dhabinsa uumaniif furmaata

Macaafni Qulqulluun wanta sirrii ta’e dubbata. Gammachuu gaa’illi argamsiisu kan

dubbatu ta’u iyyuu, warri gaa’ila godhatan “guyyaa guyyaatti jireenya isaaniitti

rakkinni isaan argata” jechuudhaanis in akeekkachiisa (1 Qor.7:28). Akka armaan

olitti ibsame, hiriyyoonni gaa’ilaa lamaanuu cubbamoota waan ta’aniif cubbuu

raawwachuutu isaanitti salphata. Sababiin isaas akkaataan itti yaadan, miirri isaanii fi

akkaataan itti guddatan adda adda waan ta’efi.

Yeroo tokko tokko hiriyyoonni gaa’ilaa waa’ee qarshii, ijoollee fi warra soddaa irratti

walii galuu dadhabu. Waan tokko tokko waliin hojjechuuf yeroo ga’aa dhabuunii fi

rakkoowwan saal-qunnamtii wajjin wal qabatanis wal dhabiinsa uumuu danda’

u. Dhimmawwan kana hiikuun yeroo kan fudhatu ta’u iyyuu, abdii kutachuun hin ta’u!

Hiriyyoonni gaa’ilaa baay’een rakkoowwan kanaan wajjin wal’aanssoo gochuudhaan

furmaata lamaan isaanii biratti iyuu fudhatama qabu argachuu danda’aniiru. Kunis,

jarreen lachanuu yeroo itti kennanii, Waaqayyoon kadhatanii, kun furmaata ta’a

jedhanii kan itti amanan raawwachuun dubbii ogummaati. Ariifatanii dubbachuu fi

ariifatanii murteessuun wal madeessuuf karaa salphaa waan ta’uuf dursanii

eegganno ga’aa ta’e gochuun barbaachisaa dha. Akkasumas sodaa Waaqayyoo fi

ulfina gaa’illi barbaadu raawwachuun jecha wal qusachuun barbaachisaa dha. Yoo

kun ta’uu baate garuu iddoodhaa socho’uun isaa salphaa ta’a. Wanti socho’e immoo

deebisanii yoo ijaaruu baatan in diigama. Kanaafuu, wal danda’uu, waliif obsuu, wal

jaallachuu, wal kabajuunii fi waliif eeggachuun furmaata fida.

5:8. Wal dhabinsa raawwatame irratti marii’achuu

Hiriyyoonni gaa’ilaa yoo wal miidhan yookiin yoo walii galuu dadhaban gad of

deebisanii gorsa Macaafa Qulqulluu fudhachuun barbaachisaa dha.

Namoonni baay’een miirri isaanii miidhamuu isaa, wal hubachuu dadhabuun isaanii

yookiin dogoggora isaanii ilaalchisee yeroo marii’atan of qabu dadhabu. “Waan na

hubatte natti hin fakkaatu” jedhanii ifatti dubbachuu mannaa, miira isaanii to’achuu

dadhabuu dhaan rakkoon uumame akka itti caalu godhu. Baay’een isaanii, “Waa’ee

kee qofan yaadda” yookiin “Na hin jaallattu” jedhu. Hiriyyaan gaa’ilaa inni kaan

immoo mormii keessa galuu waan hin barbaanneef deebii kennuu dhiisa ta’a.

Kanaa mannaa gorsa sagalee Waaqayyoo isa akkas jedhu hordofuun gaariidha: “

Yoo aartan iyyuu aariin keessan gara cubbuutti isin hin geessiin! Utuma aariitti

jirtaniis aduun isin duraa hin lixiin’’ (Efe.4:26).

Hiriyyoonni gaa’ilaa gammachuu qaban tokko waggaa 60ffaa gaa’ila isaanii yeroo

kabajanitti gaa’illi isaanii milkaa’uu kan danda’e akkamitti akka ta’e gaafatamanii

turan. Abbaan manaa, “Hammam iyyuu yoo xinnaate wal dhabinsa keenya irratti utuu

hin marii’atiin buluu akka hin qabne baranneerra” jedhe. Waliin marii’achuun

gowwummaa utuu hin ta’iin ogummaa mana barnootaa irraa argamu caala. Gochi

akkasii wal amanuu fi waliin karaa dheeraa adeemuuf nama gargaara. Bakka akkasii

wal dhabinsi kam iyyuu yoo jiraate, dafee furmaata argata.

5:9. Warri yaadaan wal dhaban maal gochuu qabu?

Abbaan manaa fi haati manaa yoo walii galuu dadhaban lamaan isaanii iyyuu ‘dhaga

’uutti kan ariifatan, dubbachuutti suuta kan jedhan’ ta’uun isaan barbaachisa.

Sagaleen Waaqayyoo akkuma ibsu, namni adduma addaan dhaga’uutti ariifataa,

dubbachuutti suuta jedhaa, dheekkamuuttis suuta jedhaa, ta’uun akka isa irra jiru

beeka (Yaq.1:19). Jecha kana sirriitti erga wal dhaggeeffatanii

booda lamaan isaanii iyyuu dhiifama walgaafachuu akka qaban hubachuu danda’u.

(Yaq.5:16) akkuma caqasame garaa guutuu dhaan, “Waanan

si miidheef dhiifama naaf godhi” jechuun gad of qabuu fi ija jabina gaafata. Wal

dhabiinsa uumame karaa kanaan hiikuun hiriyyoonni gaa’ilaa rakkoowwan isaanii

akka hiikan qofa utuu hin ta’iin jaalala ho’aa akka waliif qabaataniifi akka walitti dhi’

aatan waan godhuuf waliin ta’uu akka jaallatan isaan gargaara.

Kanaafuu, dhiifamni burqaa obsii fi beekumsi irraa maddu waan ta’eef iddoo guddaa

qabaata. Beekaa jechuun immoo nama dogoggora isaa of irratti beekee irraa deebi’

uu dha.

5:10. Dirqama gaa’ila tokko irraa eegamu raawwachuu

Phaawulos Ergamaan Waldaa Qorontosiif yeroo barreessu, ‘ejji baay’achaa

adeemuu isaa irraan kan ka’e akka’ wal fuudhan gorseera (1Qor.7:2). Yeroo har’aas

biyyi lafaa kun akkuma bara Qorontos durii, isa caalaa iyyuu manca’eera. Oduuwwan

addagummaa namoonni addunyaa kanaa ifatti haasa’an, uffanni seera dhabaan

uffatan, akkasumas seenaawwan saala faallaa ilaalchisee barruulee, kitaabota,

televijinii fi fiilmiiwwan irratti ba’an hundi fedhii saa-lqunnamtii kan kakaasani dha.

Phaawulos namoota Qorontos warra haala akkasii keessa turaniin, “kajeellaa

fooniitiin gubachuu irra fuudhuu, heerumuus in wayya” jedheera (1.Qor.7:9).

Itti dabalata isaa immoo Macaafni Qulqulluun akkas jechuudhaan Kristiyaanota gaa’

ila qaban gorsa: “Abbaan manaa jaalalaan haadha manaa isaa bira haa ga’u, haati

manaas jaalalaan abbaa manaa ishee bira haa geessu.”(1Qor.7:3). As irratti kan

irratti xiyyeeffatame fedhii lamaan isaanii jaalalaan wal bira ga’uu akka ta’e

hubatamuu qaba. Gaa’ila keessatti walitti dhufeenyi hiriyyoota gaa’ilaa gammachiisaa

kan ta’u lamaan isaanii iyyuu wanta isa kaaniif gaarii ta’e gochuu irratti kan

xiyyeeffatan yoo ta’e qofaa dha. Fakkeenyaaf, Macaafni Qulqulluun abbootiin manaa

haadhotii manaa isaanii wajjin ‘beekumsaan’ akka jiraatan ajaja (1Phex. 3:7).

Keessumaa wanta gaa’ila keessatti dirqama ta’e kennuu fi fudhachuu ilaalchisee

kana gochuun barbaachisaa dha. Abbaan manaa haadha manaa isaa gaarummaa

dhaan yoo qabuu baate, karaa kanaan gaa’ila irraa gammachuu argachuun ishee

rakkisuu danda’a.

Hiriyyoonni gaa’ilaa dirqama gaa’ila keessatti raawwatamu yeroon itti wal dhowwuu

qaban jira. Haati manaa ji’a keessatti guyyoota murtaa’aniif garaa dhukubbiin yeroo

itti dhufu yookiis yeroo baay’ee dadhabdutti akkas gochuun ishee barbaachisa ta’uu

danda’a (Lew.18:19). Abbaan manaas bakka hojiitti haalli rakkisaan yoo isa mudatee

fi miirri isaa akka miidhame yoo isatti dhaga’ame akkas gochuu danda’a. Wanta

isaan irraa eegamu yeroodhaaf wal dhowwuu ilaalchisee lamaan isaanii ifatti ‘walii

galteedhaan’ yoo marii’atan gaarii ta’a (1Qor.7:5). Kun ta’uun isaa, lamaan isaanii

keessaa inni tokko jarjaree murtoo dogoggoraa irra akka hin geenye gargaara. Haa

ta’u iyyuu malee, haati manaa dhimma koo jettee abbaa manaa ishee kan dhowwitu

yookiin abbaan manaa dhimma koo jedhee karaa jaalala qabeessa ta’een wanta gaa’

ila keessatti isa irraa barbaadamu kan hin raawwanne yoo ta’e, hiriyaan gaa’ilaa

qorumsaaf saaxilamuu danda’a/danddeessi. Haalli akkasii yoo jiraate gaa’ila

keessatti rakkoon uumamuu danda’a. Kanaaf, walitti himuun, wal hubachiisuun,

amanamummaa gaa’ila isaanii keessa jiru in cimsa.

5:11. Yaada Qulqulluu waliif qabaachuu

Bultii keessatti yaada qulqulluu waliif qabaachuun jireenya isaanii fuula duraatiif

bu'uura ta'a. Kristiyaanonni Waaqayyoon sodaatan hunduu gaa'ila isaaniitiif

eeggannoo guddaa gochuu qabu. Fakkeenyaaf: fedhiin saal-qunnamtii lachan isaanii

qaban walqixxee ta'uu dhiisuu danda'a. Haa ta'u iyyuu malee, jarreen kun fedhii

isaanii walqixa raawwachuuf jecha wal eeguun, waliif yaaduun, waliif

qulqullaa'oomina fida. Yoo kana ta'uu baate garuu jaalalli isaanii xinnaachaa dhufa,

haasaan isaanii wal fudhachuu dhiisaa deema. Kabajaa fi wal hubannaan isaan waliif

qaban gara jibbaatti jijjiirama. Wal aarsuu fi jecha yaada biyya lafaa keessa of

galchuu danda'u. Kanaafuu Phaawulos, yaada keessan wanta lafarra jirutti hin

hidhinaa jechuun yeroo dubbatu, wantoota isa fedhii xuraa’ummaa fi halalummaa

fiduu danda’u irraa fagaachuu akka qabnu barsiisa (Qol.3:5). Kana malees, walitti

dhufeenya saala faallaa kamii wajjin iyyuu qabaniin yaada isaanii fi gocha isaanii

irratti of eeggannoo gochuu qabu. Yesus, “Namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa

isaatti isheetti ejjeera” jechuudhaan akeekkachiiseera (Mat.5:28). Hiriyyoonni gaa’ilaa

gorsa Macaafni Qulqulluun saa-lquunnamtii ilaalchisee kenne hojii irra oolchuu

dhaan qorumsa keessa galuu fi ejja raawwachuu irraa of eeggachuu qabu. Saal-

quunnamtiin kennaa gaarii Waaqayyo isa gaa’ila hundeesse biraa argatan ta’uu isaa

hubachuu dhaan, gaa’ila isaanii keessatti walitti dhufeenya gammachiisaa fi cimaa ta’

e qabaatanii itti fufuu danda’u (Fak.5:15-19).

5:12. Wal dhabinsa uumamuuf fala barbaaduu

Gaa’ila Kristiyaanota baay’ee keessatti rakkoowwan uumaman furmaata argachuu

kan danda’an ta’uun isaanii nama gammachiisa. Yeroo tokko tokko garuu haallii isaa

akkas miti. Ilmaan namootaa cubbamoo waan ta’aniif, akkasumas kan jiraannu

addunyaa to’annaa Seexanaa jala jiru keessa waan ta’eef, gaa’illi tokko tokko in

diigama (1Yoh.5:19). Dhukkubbii inni qabu dafee fayyuu hin danda’u. Kristiyaanonni

haala nama aarsu akkasii kana mo’uuf maal gochuu qabu? Macaafni Qulqulluun

akkuma jedhutti hiriyyaa gaa’ilaa ofii hiikanii kan biraa fuudhuun yookiin heerumuuf

sababii kan ta’u ejja qofa dha (Mat.19:9). Hiriyyaan gaa’ilaa keessan amanamaa

akka isiniif hin taane ragaa qabatamaa yoo argattan, murtoo ulfaataatu isin eega.

Gaa’illi keessan akka itti fufu gootu moo wal hiiktu? Kana ilaalchisee seerri kenname

hin jiru. Kristiyaanonni tokko tokko hiriyyaa gaa’ilaa garaa guutuu dhaan gaabbee

qalbii jijjiirrateef dhiifama godhaniiru; gaa’elli isaaniis gaarii ta’ee itti fufeera. Kaan

immoo ijoollee isaaniitiif jecha wal hiikuu dhiisuuf murteessaniiru.

Boqonnaa Ja’a

6.1. Hiriyyaan gaa’ilaa ejja raawwachuun yeroo wal hiikan

Hiriyyaa Gaa’ilaa ejja raawwate hiikuun cubbuutti akka hin lakkaa’amne

Maatewos19:9 keessatti sirriitti ibsameera.

Karaa biraatiin immoo, cubbuu akkasii raawwachuun ulfaa’uu yookiis dhukkuba saal-

quunnamtii dhaan daddarbuuf nama saaxiluu danda’a. Akkasumas immoo nama

ijoollee durbaa gaa’ila diigame kana keessaa argaman gudeedamuu irraa ijoollee

eeguun barbaachisa ta’a. Murtoo tokko gochuu dura gadi fageenyaan yaaduun

barbaachisaa akka ta’e beekamaa dha. Haa ta’u iyyuu malee, hiriyyaan gaa’ilaa

keessan ejja raawwachuu isaa erga beektanii booda isaa wajjin saa-lquunnamtii

raawwachuun keessan dhiifama akka isaaf gootanii fi gaa’illi keessan akka itti fufu

barbaaduu keessan argisiisa. Sana booda, akka Caaffanni Qulqulluun jedhutti nama

sana hiiktanii kan biraa fuudhuu yookiin heerumuu hin dandeessan. Eenyu iyyuu

gidduu galee murtoo keessan irratti dhiibbaa gochuuf yaaluu yookiin murtoo gootan

mormuu hin qabu. Bu’aa murtoon gootan argamsiise fudhattanii jiraachuu qabdu.

“Namni adduma addaan waan ofii isaatii baatu qaba” (Gal.6:5).

6.2. Gargar ba’uuf sababa kan ta’an

Hiriyaan gaa’ilaa tokko ejja utuu hin raawwatin isa irraa addaan ba’uuf yookiin isa

hiikuuf sababii ga’aan jiraachuu danda’aa? Eeyyee, yeroo kanatti garuu Kristiyaanni

tokko nama kan biraa hiriyyaa gaa’ilaa godhachuuf walaba miti (Mat.5:32). Macaafni

Qulqulluun haala akkasiitiin gargar ba’uu kan eeyyamu ta’us, inni dhiisee deeme ‘

utuu gaa’ila hin godhatiin akka taa’u yookiin immoo hiriyyaa gaa’ilaa isaa wajjin akka

araaramu’ qajeelfama kenna (1 Qor.7:11). Yoo akkas ta’e, haalawwan cimaan gargar

ba’uun filatamaa akka ta’u godhan tokko tokko maalfa’i?

Deebii gaaffii kanaaf,

1. Dhibaa’ummaa fi amala gadhee abbaan manaa argisiisuun maatiin rakkinaaf

saaxilamuu danda’a.

2. Galii maatichi qabuun qumaara taphachuu yookiin qoricha sammuu hadoochu

yookiin dhugaatii alkoolii bitachuuf itti fayyadama ta’a. Macaafni Qulqulluun

akkas jedha: “Namni tokko warra mana isaatiif yoo yaaduu baate, inni

amanticha ganuu isaa ti, nama hin amaniin caalaas hammaachuu isaati” (1

Xim.5:8). Namni akkasii kun gochaa isaa kana irraa yoo deebi’uu dide, kana

irra darbees qarshii haati manaa isaa hojjettee argattu araada isaatiif kan itti

fayyadamu yoo ta’e haati manaa isaa karaa seeraatiin isa irraa gargar ba’uu

dhaan ofis ta’e ijoollee ishee nagaa dhaan jiraachisuuf murteessuu dandeessi.

3. Abbaan manaa tokko hiriyyaa gaa’ilaa isaa irra miidhaa guddaa kan geessisu

yookiin yeroo baay’ee ishee reebuu dhaan fayyaa ishees ta’e lubbuu ishee

balaa irra kan buusu yoo ta’e karaa seeraatiin addaan ba’uun barbaachisaa ta’

uu danda’a.

4. Kana malees hiriyyaan gaa’ilaa tokko haati manaa isaa karaa ta’e tokkoon

ajaja Waaqayyoo akka cabsitu ishee dirqisiisuuf kan yaalu yoo ta’eefi

keessumaa immoo jireenyi hafuuraa iaashee balaa irra bu’aa kan jiru yoo ta’e,

isa irraa addaan ba’uu filachuu dandeessi. Hiriyyaan gaa’ilaa rakkinni irra ga’e

sun, ‘namaaf abboomamuu irra Waaqayyoof abboomamuuf’ karaa seeraa

gargar ba’uu dhaan ala filannoon biraa akka hin jirre itti dhaga’amuu danda’a

(H.Er.5:29).

Gochoota armaan oliitiin hiriyyaa gaa’ilaa irratti miidhaa guddaan yeroo raawwatamu,

eenyu iyyuu hiriyyaan gaa’ilaa miidhame hiriyyaa gaa’ilaa isaa irraa akka gargar ba’

us ta’e akka wajjin jiraatu dhiibbaa gochuu hin qabu. Jera kana gargaaruuf

michoonni muuxannoo qabanii fi jaarsoliin biyyaa gorsa Macaafa Qulqulluu irratti

hundaa’e kennuu danda’an iyyuu wanta abbaa manaa fi haadha manaa sana

gidduutti uumame tokkoon tokkoon isaa beekuu hin danda’an. Kana kan beeku

Waaqayyo qofaa dha. Haati manaa tokko sababii ga’aa hin taaneef jettee abbaa

manaa ishee irraa yoo gargar baate qophii gaa’ilaa Waaqayyo hundeesseef ulfina

akka hin qabne argisiisti. Haalli baay’ee rakkisaa ta’e uumamee abbaa manaa ishee

irraa gargar ba’uuf yoo murteessite garuu eenyu iyyuu ishee ceepha’uu hin qabu.

Abbaa manaa haadha manaa isaa irraa gargar ba’uu barbaadu ilaalchisees haall

isaa wal fakkaata. «Hundumti keenya barcuma firdii Waaqayyoo duratti dhi’aachuuf

jirra» (Rom.14:10).

6.3. Warri wal hiikan dhiifamaan walitti deebi’uu in danda’uu?

Gaa’illi tokko erga wal hiikee booda kan walitti deebi’uu fi kan walitti hin deebines

jiraachuu danda’a.

Dhimma walitti deebi’uu yoo fudhanne baay’ee yeroo dheeraa fudhachuu akka

danda’u in amanama. Sababiin isaa madaan ture qooruu qaba, aarii fi jecha wantii

walitti darbachaa turan sun irraanfatamuu, dirmammuun hunduu baduu qaba.

Kanaafuu, yeroo fudhachuun isaa hin oolu. Fakkeenyaaf namicha lammii biyya

Itoophiyaa ture sana, isa bara 1996 biyya Raashiyaa barumsaaf deemee achitti

dubartii biyya sanaa fuudhee waggaa kudhan erga waliin jiraatanii booda gargar ba’

an yaadachuun ga’aa dha. Jarreen kun lamaan waggaa sadii guutuu adda adda erga

ta’anii booda haati manaa ijoollee durbaa lama kophaa ishee guddisuun itti ulfaachuu

isaa akkasumas immoo gocha gooteef guddaa gaabbitee dhiifama gaafachuu yeroo

dheeraa itti abbalaa turte. Dubartittiin isa malee jiraachuun waan itti ulfaateef Waldaa

Kristiyaanaa inni adeemu dhaqxee Luba Waldaa isaatti dubbatte. Lubichis akka

sagalee Waaqayyootti walitti isaan araarsuuf fedhii jarreen lamaanii gaafate. Namichi

matumaa itti hin araaramu jedhee diddaa isaa mul’suu yaade. Lubni Waldichaas, “

yaa obboleessaa! obboleettii keetiif dhiifama hin gootu yoo ta’e, atis matumaa

dhiifama hin argattu!” ittiin jedhe. Jecha kana booda ''tole'' jedhee fudhatee guyyaa

araaraa qabatan. Gaa’illi jara lamaanii waggaa sadii booda walitti araaraamu

isaaniitiin haareeffamee waliin jiraachuu jalqaban. Isa booda wal kabajuuf waliif ulfina

kennuutu argame.

Akkasuma gaa’ila keessatti wanta cimaa ta’ee gargar isaan

baase sana of keessaa baasanii garaa bal’achuun walitti araaramuu kan dhorku

seerri hin jiru. Fakkeenyaaf: yoo ejji raawwatame iyyuu qaamni itti dhaga’ame yookiin

inni hafe karaa ayyaana Waaqayyootiin dhiifama gochuufiin gaa'ila jaraa deebisee

ijaaruu danda'a. Dhugumaan fakkeenya isaa duukaa bu’ee Kristosiin ilaalee cubbuu

ejjaa kana illee dhiisuu danda’a (Efe. 4:32). Garaa walii laafuun lamuu gocha

fokkisaa kanatti hin deebinu jedhanii yoo murteessan Waaqayyo duratti qalbii

didiirratanii akkuma Kristos cubbuu isaanii dhiiseef yoo walii dhiisan deebi’anii waliin

jiraachuu danda’u. Waaqayyo cubbuu jibbe malee cubbamaa hin jibbine. Seerri

dhiifama dhowwus gonkumaa hin jiru.

Yeroo tokko tokko immoo warri wal fuudhan yoo gargar ba’an dhiifama waliif hin

godhan, cubbuu ejjaas itti fufu. Inni Maat.19:9 irratti jedhame bakka hojii irra itti ooluu

danda'uu dha. Baay'een erga wal hiikanii booda utuu ijaan wal hin agiin garaa walii

kutatanii kan jiraatan hedduutu jira. Warri akkasii ija jibbaatiin wal ilaalu, akka diinaatti

wal lakkaa’u, miilla wal irraa fageeffachuu, dhimma walii qabaachuu dhiisuu,

caalaattuu waan isaan gaabbisiisu gochuuf in dhama’u. Isa kana irra darbanii gaa'ila

kan biraa dhaabuu dhaaf ariifatu. Waaqayyo yaadi isaanii akka bakka lamatti hin

qoodamneef akka jarri kophaa ta'an dubbata (1 Qor. 7:32-35).

Namoota hin amaniin irra caalaa Kristiyaanota warri ta'an yeroo wal hiikan baay’ee

nama gaddisiisa. Macaafni Qulqulluun Waaqayyo wal hiikuu akka jibbu cimsee ibsa

(Milk. 2:16). Walitti araaramuunii fi dhiifama waliif gochuun immoo amala amanataa

dhugaa ta'uu qaba (Luq. 11:4; Efe. 4:32). Haa ta'u iyyuu malee, wal hiikuun akka jiru

Waaqayyo in beeka, ijoollee isaa gidduutti iyyuu akka raawwatamu ifaadha. Isaan

akkasii warra wal hiikanii fi lammee deebisanii fuudhan sababa kan ta’e Mateewos

barressera (Mat 19:9).

6:4. Warra wal fuudhan gidduutti wal-quunnamtii saalaa

Sagaleen Waaqayyoo akka ibsutti, “Gaa’illi hundumaa biratti ulfina-qabeessa haa ta’

u, cisiichi gaa’ilaas hin xureeffamin! Waaqayyo warra halalee fi ejjituutti faraduuf jira”

(Ib. 13:4). Qulqulluun sagalee Waaqayyoo abbaan manaa fi haati manaa quunnamtii

saalaatiin maal gochuun akka irra jiruu fi maal gochuun akka irra hin jirre gonkumaa

hin ibsu. Garuu abbaa manaa fi haati manaa walii abboomamuunii fi wal jaallachuun

bu’uura waliin jiraachuu isaaniiti. Ergamaan Phaawulos gorsa isaa keessatti “Yeroo itti

kadhataaf of kennuudhaaf waliigaltan irraa kan hafe wal bira ga’uu hin didinaa” jedha

(1Qor.7:5). Kutaan kun gaa’ila keessa kan jiraatu qajeelfama quunnamtii saalaa

ilaallata. Jaalala isaanii kan waliitti muli’san inni tokko quunnamtii saalaa waliin

raawwataniin ta’uun isaa beekamaa dha. Wanti tokko yeroo raawwatamu walii

galteedhaan ta’uutu irra jiraata. Abbaan manaa fi haati manaa lamaanuu wanta tokko

yaaluuf yoo walii galan (fakkeenyaaf, waliin haasa’uun, waliif yaaduun, kallattii adda

addaatiin walitti dhufeenya isaanii cimsuun, quunnamtii saalaan wal gammachiisuun)

jireenya waliin jiraatan keessaa isa guddaa dha. Egaa Macaafni Qulqulluun kana akka

hin goone sababa tokko iyyuu hin kaa’u.

Baay'een waliin jiraachaa turan sababiin addaan ba’uu isaanii quunnamtii saalaa irratti

rakkoo qabaachuu isaanii dubbatu. Kan biraan immoo erga wal fuudhanii waliin

jiraachuu jalqabanii booda amalootni adeemsa keessa mul'atan jiraachuu danda'u.

Fakkeenyaaf: amaloota dafanii hin mul'anne, of nyaachuu, cagginaa’uu, ifachuu, obsa

dhabinsa, ofittummaa, jaalala dhabinsa, kanaaf kana kan fakkaatan bulanii oolanii

mul'achaa adeemu. Warri akkasii bultii keessatti rakkoo guddaa fiduu danda’u. Karaa

biraa immoo warri akka halalummaa, xuraa’ummaa, jireenya gad-dhiisii jedhaman

Macaafni Qulqulluun cimsee dhorka (Gal. 5:19, Efe. 5:3, Qol.3:5, 1Tas. 4:3). Akkuma

beekamu, ejji cubbuu dha, hiriyyaan gaa’ilaa yoo eeyyame iyyuu yookaan immoo yoo

irratti hirmaates karaa kamuu fuudha/heeruma dura saalquunnamtii gochuun

Waaqayyoon hin gammachiisu. Wanti biyya lafaa keessa jiru xuraa’ummaan wal

qabatee kan deemu malee qulqullina kan muli’su miti. Fakkeenyaaf: poronogiraafii “

hawwii foonii fi hawwii ijaa” itti hin qabamiinaa! jedha (1Yoha. 2:16). Abbaan manaa fi

haati manaa poronogiraafii raawwatanii gara tokkummaa quunnamtii saalaa isaaniitti

fiduun irra hin jiraatu. Dubbii sagalee Waaqayyoo soodaachuun qulqullumaa isaanii

eeggatanii yeroo wal bira ga’an dhugumatti wal galateefachuu fida.

Waliif eeggachuun, walii dhimmuun, wal kabajuun, isa hundumaan gargaaraa isaanii

ta’e Waaqayyoon sodaachuun, jireenya maatiin Kristiyaanaa jiraatu sirriitti kan

calaqqisiisu ta’a.

6:5. Wal-quunnamtii saalaa gosa tokkoo

Wal-quunnamtiin saala gosa tokko gidduutti taasifamu uumama Waaqayyoon ganuu

fi ajajamuu diduu akka ta’e Phaawulos jabeessee ergaa isaa keessatti in ibsa

(Rom.1:26-27). Quunnamtiin akkasi namoonni Waaqayyoon amanuu dhiisuu isaanii fi

cubbuutti jiraachuu isaanii yeroo mul’isani dha. Warri jal’oonni mootummaa

Waaqayyootti akka hin galle hin beektanii ree? jedhe(1 Qor.6:9). Waaqayyoon malee

jireenyi abdii kan hin qabnee fi bu’aa kan hin qabne ta’uu isaa jara agarsiisuu dhaaf

akka cubbuu gadhee fi hamaa hojjetan illee isaan hubachiisa. Akkasumas jarreen kana

raawwatan gidduutti wanti taasifamu cubbuu kanneen biroo irra isaa guddaa ta’uu isaa

in ibsa. Cubbuun cubbuummaa isaattiin yoo wal caaluudhaa baate iyyuu innii kun

cubbuu isaa gadha’a ta’uu isaa ibsuu kooti. Fakkeenyaaf namnii hate fi namnii nama

ajjeese wal qixxee addabbii hidha akkuma hin fudhanee, akkasuma gochii wal-

qunnamtii saalaa wal fakkaataa kun isa Waaqayyooniis ta’ee dhaloota hunduumaa

biratti baay’ee jibbisiisaa ta’uun isaa ifaa dha. Gatiin cubbuu hundummaa iyyuu du’a

akka ta’e ifa dha. Namoonni wal-quunnamtii saala tokkoo qabaatan yookiin hojjetan

gonkumaa mootummaa Waaqayyoo hin seenan(1Qor.6:9). Sababiin isaa irra

daddarbaa cubbuu isaanii irraa waan hin deebineef gatii hojii isaaniituu isaan

galaafata(1Qor.6:9-10,Efe.5:5)

Waaqayyo warra wal-quunnamtii saala gosa tokko gidduutti taasifamuu hawwuudhaaf

isaan hin uumne. Macaafni Qulqulluun akka ibsuutti sababa irra daddarbaa cubbuu

isaanii irraa kan ka’eef jecha wal-quunnamtii saala gosa tokkoo raawwachuu isaanii in

hubachiisa (Rom. 1:24-27, Uma.19:1-13, Lew.18:22). Gochi akkasii immoo filannoo

mataa isaanii irra kan dhufee yeroo ta’ akkuma kana gararraatti ibsame namoota baay

’ee biratti wanta cigaasisaa ta’ee argama. Keessumattuu warra hiiki cubbuu hin

galleefii fi gochi akkasii rakkoo kan hin qabaanne isaanitti fakkaata.

Namni tokko wal-quunnamtii saala gosa tokko gidduutti taasifamuun kan dafee qalbiin

isaa booji’amu ta’ee dhalachuu danda’a, akkuma namoonni tokko jeequmsaaf yookiin

fedhii cubbuu garagaraa hojjechuun of kennan ta’a. Yoo namni tokko aarii yookiin

dheekkamsaaf kan dafee qalbiin isaa booji’amu ta’ee dhalate namni sun akka inni gara

fedhii sanaatti of kennu taasisuu ni danda’a. Aarii fi hojiin jal’inaa kam iyyuu hafuura

hamaa irraa waan dhufuuf yaada namaa gara isa badii qabuutti geessuuf in kakaasa.

Gochi jibbisiisaan akkasii diina isa dhala namaa karaa dhugaa jalaa dhoksee karaa

badii isa ta’e jireenya dhugaa itti fakkeessee argisiisudha.

Akkuma beekamu cubbuun kam iyyuu Waaqayyoon hin gammachiisu. Gochi cubbuu

cigaasisaan akkasii mootummaa Waaqayyoo irraa kan ittisu dha. Waldaa Kristiyaanaa

biyya lafaa keessa galee kan jeeqaa jiru ta’uun isaa illee beekamaa dha. Yeroo cubbuu

warra kan akka waaqolii tolfamaa waaqessuu, ejjaa, ajjeechaa, hannaa fi kan kana

fakkaataniif yeroo wal bira qabamee ilaalaalamu, wal-quunnamtii saala wal fakkaataa

gidduutti taasifamu immoo irra caalaa isa jibisiisudha. Waaqayyo garuu warra Yesus

Kristosiin akka fayyisaa dhuunfaa isaaniitti fudhatanii, amananii, dhiifamuu cubbuu

gaafatan hundaaf irra daddarba isaaniitti dhiifama akka argatan dubbateera.

Walumaagalatti, Warri wal-quunnamtii saalaan wal fakkaatan wal gidduutti hojjetan

yaadaa fi hojii akkasii dhiisanii gara Waaqayyootti yoo deebi’anii dhiifama gaafatan

dhiifama in argatu(1 Qor. 6:11; 2 Qor. 5:17; Fil. 4:13).

Boqonnaa Torba

7:1. Jireenyi maatii Kristiyaanaa maal argisiisa ree?

Kaayyoon mata-duree armaan olitti tuqamee kun warra gaa’ila dhaabbatan hunda

iyyuu gara isa fakkeenya gaarii jireenya maatii Kristiyanaatti dabalamanii akka jiraatan

godhuu dha.

Jireenya maatii Kristiyaanaa keessa rakkoon hin jiru jechuu miti, garuu waan ittiin of

geggeessan seera hin jijiiramne qabu. Innis dubbii sagalee Waaqayyoon kan

geggeeffamuu fi bultoo isaanii keessatti sodaa isaa kan qaban jireenya Waaqayyo

duratti fudhatama qabu warra jiraatan, fakkeenya jaalala Waaqayyoo argisiisuun warra

jiraatan, yeroo hundaa isa hordofuudhaan gammachuu maatii isaanii gooftaa keessatti

warra eeganii fi wal eeggachiisani dha (Efe.5:1-2, Qol.3:18).

Jireenya maatii Kristiyaanaa keessatti wal danda’uun, walii

abboomamuunii fi wal jaallachuu dhaan ulfina Waaqayyoo mul’isuun barbaachisaa

dha. Dubbii walii dhaggeeffachuun dandeettii fi ogummaa ittiin ayyaana Waaqayyoo

keessatti wal eegan qabaachuu dha. Maatiin Kristiyaanaa warra dubbii Waaqayyoo

geggeessaa jireenya isaanii godhatanii guyyaa dhaa gara guyyaatti sodaan

Waaqayyoo keessa isaaniitti mul’atu dha. Yeroo hundaa warra nagaa maatii isaanii

eeganii fi nagaa kan biraaf hawwan yeroo ta'u, jireenyi isaanii bu'aa hojii isaanii kan

mul'isu dha.

Gaarummaa fi jaalalli Waaqayyoo isaan gidduu jiraachuu isaa nagaa waliif qaban

irraa madaaluun in danda’ama. Jireenya maatii Kristiyaanaa keessatti wal

dhaggeeffachuu, walii eeggachuu, obsa waliif qabaachuun, waliin kadhachuun

jaalala Waaqayyoo of gidduutti mul’isuu dha. Hojii gaarii wal gidduutti hojjechuun

warra hin amanneef illee fakkeenya ta'uu dhaan gara ofiitti hawwachuuf in gargaara.

Akkuma 1Phexros 3:1-3 keessatti argamu, warra haadha manootaan, “abbaan

manootaa keessan yoo Waaqayyotti utuu hin amaniin nama jiraatu ta’e illee isin

waan tokko utuu hin dubbatiin amala isin warri haadha manootaa taatan argisiiftaniin

akka mo'amanitti, abbaa manootaa keessaniif abboomamaa! Isaanuu amala keessan

isa qulqullaa'aa fi sodaa Waaqayyoo argisiisu in argu” jedhee ibsa.

Akkuma kana gararraatti ibsuu yaalle jaalalli Waaqayyo ilmaan namaaf qabu guddaa

dha. Waaqayyo tokkicha ilma isaa gara biyya lafaatti waan ergeef akkaataa inni

jaalala kana itti argisiise irraa barumsa argachuu dandeenya (Yoh.1:14 –18). Ilmi

Waaqayyoo kun yeroo lafa kana irra turetti fakkeenya Abbaa isaa akka gaariitti waan

fudhateef, isa arguu fi dhaggeeffachuun Waaqayyo wajjin ta'uufiin barbaachisaa ta'uu

isaa ibsa (Yoh.14:9). Kanaafuu hundi keenya jaalala Yesus argisiise irraa barachuu fi

fakkeenya isaa hordofuu dhaan maatiin keenya gammachuu akka argatu gochuu

dandeenya.

Phaawulos illee ergaa isaa keessatti jireenya maatii Kristiyaanaa ilaalchisee akka itti

walii wajjin jiraachuun ta’u irratti gorsa kenna. Jireenya isaanii keessatti waliif

abboomamuun ulfinni Waaqayyoo isaan gidduu jiraachuu isaa argisiisa (Ef. 5:21-25,

6:1-4). Ijoolleenis akka abboota isaaniif abboomaman, abbaan manaa fi haati manaa

kabajaa fi ulfina akka waliif kennan, jireenya Waaqayyo biratti fudhatamaa ta’e akka

jiraatan gorsa.

Jireenyi maatii Kristiyaanaa Waaqayyo biratti fudhatamaa ta’e yaada tokkoon isa

waaqessaa jiraachuu dha. Waaqessuun jireenya ta’uu isaa Macaafni Qulqulluun

dhugaa nuuf ba’a. Saba Israa’el biyya Gibxii harka mootii Fara’oon jalaa akka

baasuuf yeroo Museen ergametti, Waaqayyo akkana jedhe dubbateera, “Sabni koo

anaaf haa hojjetu, ana haa waaqesuuti, gad dhiisi” jedhee ajajeera (Ba’uu 4:23).

Jireenya dhuunfaanis ta’e maatii ofii wajjin Waaqayyoon waaqessuun eebba guddaa

qaba (Iya.24:15).

Kanaaf, jireenyi maatii Kristiyaanaa warra Waaqayyoon sodaatanii fi ulfina kennan

yeroo ta'u, kunis immoo jireenya isaanii, bultii isaanii, ijoollee isaanii fi qabeenya

isaanii hundumaan warra Waaqayyoof jiraatan ta'uu isaanii mul'isa.

7:2. Dirqama maatiin Kristiyaanaa qabu

Maatiin Kristiyaanaa maatii Waaqayyoon dhaabbate ta’uu isaa kutaalee kanaan olii

keessatti tuqameera. Walitti dhiyyeenyi isaaniis cimaa dha; isaan warra Waaqayyoof

qulqullaa’an wajjin warra biyyaa, warra mana Waaqayyootis malee, orma nama

diidaas miti (Efe.2:19). Walitti dhiyyeenyi maatii Kristiyaanaa akka waliigalaatti waliif

yaaduu, wal jaallachuu, walii dhimmuu, inni xinnaan isa guddaa dhaaf abboomamuu,

wal kabajuu fi waan kana fakkaataniin Waaqayyo akka ulfina argatu taasisuu dha

(1Phex.5:5). Jireenyi isaanii illee Waaqayyo duratti fudhatamaa akka ta’uuf warra

waliif dhimmuu dha. Walitti dhiyyeenyi isaanii akka soogidda lafaati, soogiddi yoo mi’

aa'ina of keessaa dhabe maaliin deebi'ee mi’eeffama ree? Mi’aa waliif qabaadhaa,

kanaa achi gad-darbatamanii gatamuutu jira jechuu isaati. Jireenyi maatii

Kristiyaanaa kan biraaf fakkeenya gaarii ta’e argisiisaa (Mat.5:13)

Akka maatii Kristiyaanaatti ifaa fi mi’aa’ina Kristositti arganne maatii keenyaa fi

naannoo keenyaaf dhugaa-baatotaa fi fakkeenya garii ta’uun nu irraa eegama (Ef.

5:8-9). Saba warra Waaqayyoon hin beekne gidduu yeroo deddeebitan fakkeenya

akka taataniif hojiin keessan gaarii haa ta’u jechuun nu hubachiisa (1Phex. 2:12).

Ijoollee keenya gorsuutti, adabuuttis abbaan manaa fi haati manaa akka maatii

Kristiyaanaatti yaada toko qabaachuun jireenya maatii ijaaruuf hedduu barbaachisaa

dha (Ef. 6:4, Qol. 3:21). Ijoollee ofii adabuu jechuun midhuu, cabsuu, madeessuu

yookiin hidhuu jechuu utuu hin ta’iin waan isaan midhuu irraa dhowwuu jechuu dha.

Ijooleen kun karaa jal’naa irra akka hin deemnee fi amala fokkisaa keessatti akka hin

guddannee cimsanii eeguun, gorsuunii fi barsiisuun barbaachiisaa ta’uu isaa nu

hubachiisa. Yoo akkas gochuu baatan garuu jireenya maatii sanaa keessatti

qoramsaa fi rakkina guddaa fidu.

7:3. Maatii keessatti rakkoolee fiduu kan danda’an irratti dammaquu.

Jireenya maatii keessatti rakkoolee fiduu kan danda'u inni guddaan wal hubannaa

dhabuu dha. Wal hubannaa dhabuu yeroo jennu dadhabbii isa tokkoo inni biraa yoo

beekuufii baate, rakkoo isa mudateef yoo gargaaramuu baate, yaada isa tokkoo inni

kan biraan yoo fudhachuu baate, yaadaan yoo wal duukaa hin jirre ta’e wal

hubachuu fi wal kabajuun dhibuu dhaan rakkoo guddaa fida. Keessumaa wal

amanuu dhabuun, wal dhaggeefachuu dhisuun, walii yaaduun hin jiruu yoo ta’e hir’

ina guddaatuu mul’ataa adeema. Jechaan wal madeesuun, safuu walii eeguu

dhiisuun, alatti wal hamachuun, ofittummaa mul’isuun, anatuu caalaan yoo jiraate

matumaa hin bareedu. Rakkoon akkasii yoo jiraate waan xinnoo irraa jalqabee iddoo

guddaa ga’uu danda’a jechuu dha. Wantoonni kun immoo hamma maatii gargar

deemsisuutti ga’uu danda’u.

Kanaafuu, maatii gidduutti rakkoon akka hin uumamneef dursanii waliif eeggachuun,

waliin marii’achuun, wal yaadachiisuun, wal hubachuunii fi Waaqayyoon waliin

kadhachuun furmaata fida. Yoo rakkoon uumame immoo gari lachanuu balaa kana

baatanii gara fuula duraatti adeemuu manna gara boodaatti deb’anii furmaata

barbaaduun gaa’ilichaaf eegduu gaarii ta’a. Tarii utuu qaamii sadafaan gidduu hin

galiin yoo rakkina isaan giddutti uumameef furmaata argatan, isaan namoota beekoo

dha. Warrii Waaqayyoon sodaatan, bultii isaaniitiif kabaja kennan, marii isaanii irratti

Waaqayyoon yoo affeeran/qabaatan walii galuu hin dadhaban. Sadi: abbaa mana

+haadha mana + Waaqayyo yeroo ta’an maatii jiraatan ta’u. Maatiin Kristiyaanaa

dhugaa fi amanamummaa dhaan warra jiraatan yommuu ta’an, caalaatti

Waaqayyoon kan soodaatanii fi kabajan ta’uu isaanii dagachuu hin qaban. Yoos

jireenyi isaanii mi’aa’ina, bareedinaa fi umurii dheeraa qabaataa hafa.

7:4. Ijoollee mana Waaqayyoo keessatti guddisuu

Mata duree Dirqama Maatii Kristiyaanaa jedhu jalatti waa’ee ijoolee gorsuuf deebisuu

xinnoo ishee ibsuu yaaleerra. Mata duree kana jalatti garuu akka itti ijoollee

qunuunsanii fi eegan bal’inaan argattu.

Namni kamuu jaalala ijoollee isaaf qabu kan biraatiin jijjiiruu hin danda’u. “Ijoolleen

kennaa Waaqayyooti, dhala godhachuunis bu’aa inni namaaf kennudha” jedha

sagaleen Waaqayyoo (Far.127:3, Uum. 30:3, 33:5). Kennaan Waaqayyoo waan bu’

aa qabu dha. Ijoolleen eebba Waaqayyo ittiin nama eebbise keessaa tokko waan ta’

aniif waan gaarii fi iddoo gaariitu hawwamaaf (Far.128:4).

Namni ijoolleen isaa mana barumsaa gaarii ta’etti barsiifachuu jibbu hin jiru. Sababa

kanaaf, biyya keessas ta’e biyya bakkeetti illee ergee mana barumsaa filatamaatti

barsiifata; mucaan isaa beekumsaan, dandeettii dhaan guddatee/ttee nama bor bu’

aa buusu akka ta’u/taatu fedha.

Haa ta'u iyyuu malee, mana barumsaa beekamaa galchuun nama hubataa fi bu’aa

qabu isa godha jedhanii yaaduun ga’aa hin ta’u. Tarii manni barumsaa inni deemu

karaa Waaqayyootti in guddisa ta’aa laata? Yookiin immoo karaa dogoggoraatti

geessa ta’a. Sababiin isaa ijoolleen waanuma baratan fakkaachaa adeemuu waan ta’

eefi. Namni Waaqayyoon hin beekne immoo jireenya hin qabu. Jireenya foonii

jiraachuu in danda’a ta’a; jireenyi Waaqayyoon alaa maal gatii qaba? Hubannaa

hundumaa kan kennu Waaqayyo duwwaa dha. Ijoolleen yoo Waaqayyo isa isaan

uume beekanii guddatan garuu matumaa hin gataman. Kanaafuu, Yesuus waamicha

ijoollotaaf godhe; “Mucooliin gara koo haa dhufani hin dhowwiinaa” jedhee

abboomeera.

Mucoolii eebbisuuf waamicha godhame kabajuu fi eeguun maatii irraa barbaadama.

Yoos gorsuun, barsiisuun, karaa qajeelinaa itti argisiisuun mijataa ta’a (Fak. 29:15).

Sodaan Waaqayyoo yoo jiraate eebbi maatiif gadi lakkifama (Far:128:3-4).

Egaa ijoollonni yoo fuula Waaqayyoo dura dhufan yommuu gara mana Waaqayyootti

deddeebi'an maatiin gammaduu qaba. Biyyi lafaa har’a keessa jirru ijoolloota maatii

jalaa kan baasu malee Waaqayyoon sodaachuutti akka isaan guddatan kan taasisu

miti. Iddoon oolmaa isaanii fi wanti ilaalaa oolan hundumtuu guddina isaanii irratti

dhiibaa gochuu danda’a.

Seenaa mucaa maatiin isaa amantoota ta’an tokko isiniif tuquun barbaachiisaa natti

fakkaata. Maatiin mucaa isaaniitiif Barreeffamoota Macaafa Qulqulluu barsiisan

bitanii galgala galgala hirriba dura in dubbisuuf turan. Seenaa Yoseef ilma Yaaqoob

in barsiisuu turan. Sammuun ijoollotaa waraqaa adii qalama gad hin dhiifne wajjin wal

fakkaata. Abjuu Yoseef abjoote, sababa abjuu isaaf jibbamuu isaa utuma beekuu

obboloota isaa barbaacha dhaquu isaa, obboloonni isaa isa fuudhanii gurguruu

isaanii, mana Phoxifaaraatti haati manaa isa qabdee akka inni wajjin ciisuuf

giddisiisuu dhan gad is dhiisuu didnaa harkaa ba’ee baqachuu isaa, isa booda mana

hidhaatti darbatamuu isaa itti himan. Akkasumas immoo mana hidhaa keessatti abjuu

hiikuu isaa, sababa kanaaf abjuu Mootiin abjoote haa hiikuuf mana hidhaatii akka

waamamee fi abjuu Mootichaa utuu hin hambisiin akka hiikeef barsiisan.

Mucaan kun seenaan Yoseef utuu yaada isaa keessa deddeebi’aa jiruu guyyaa

Dafinoo ganama mana barumsaa daree seene. Barsiisaan yommuu barsiisu jalqabu,

Sanbata Duraa fi Sanbata Guddaa maal hojjettan jedhee gaaffiidhaan jalqabe. Baay’

een isaanii mana Sinimaa (Fiilmii ilaalaa) turre jedhanii deebisan. Dabareen mucaa

isa maatii Kristiyaanaa keessaa dhufee bira ga’e, mucichis waa’ee seenaa Yoseef

jalqabaa hamma dhumaatti isa maatiin barsiisan sana dubbachuutti ka’e. Hundumtuu

erga dhaggeeffatee booda barsiisichi akkas jedhe; «Yoseef utuu baqataa ta’ee jiruu

haati manaa Mootii bareedduun akkasii koottu na wajjin ciisi utuu jettuu maaliif

dhiisee deeme? Silaa dafee badhaadhaa ta’a, waan hundumaa in argata ture,

Yoseef gowwaadha» jedhee itti dubbate. Mucichi achumaan waa’ee nama gowwaa

na barsiiftan jedhee maatii wajjin wal lole. Maatiin mucichaas ibsuufii yaalan,

«barsiisaa keetu gowwaadha malee dubbichi dhugaadha» jedhanii deebisaniif.

Mucichis; «namni sobuu fi gowwaan maal na barsiisa; mana barumsaa hin deemu»

jedhe. Maatiin mucichaa kadhatanii sossobanii mana barumsaatti ergan. Mucichis

barsiisaa isaatiin; «ati nama sobuu fi gowwaadha» jedhee itti dubbate. Isa booda

barsiisichis «akkamitti akkas naan jette? » jedhee gaafate. Mucichis «Maatii kootu

inni sobaadha, gowwaadhas naan jedhe» jedhee deebiseef. Barsiisichis hamma

seeraan maatii irratti himata dhiheeffatutti ga’e jedhama.

Badii kanaaf eenyutu itti gafatama? Manni barumsaa mucaan kun deemu amantiif

ilaalcha attamii qaba? Barsiisaan sunis akkas jechuun irra hin turre, tarii nama

cubbuu addaan baasee hin beeknee waan ta’eef ta'uu mala. Tarii nama of jaallatu

duwwaas ta’uu danda’aa. Yookiin immoo nama amantii kana mormus ta’uu danda’a,

garuu namni akkasii wanta keessa isaatii maddu dubbachuun isaa in beekama.

Karaa biraatiinis, wanti hundumtuu yeroo fi iddoo qabaachuu qaba. Waan ijoollee

ofiitti dubbatan eeggannoo fi hubannaa dhaan dubbachuun barbaachisaa dha.

Maatiin barumsa kan biraa fi kan amantii addaan baasanii itti dubbachuun gaarii ta’a.

Jechoonni iddoo malee itti gargaaraman nama miidha, mul’ata keessa ofii jiru

adoochuu danda’a, amantii ofiis in arbsiisa.

Biqilttoonni xinnummaatti yoo hin eegamnee ta’an salphaatti baduuf saxilamoo dha.

Garuu ijooleen ofii haa dhaga’anis, haa dhisanis, guyyaa guyyaatti waan isaan

nyaatan fi dhugan akkuma laatnuuf sagalee Waaqayyo ogummaan itti dubbachuun

barbaachisaa dha. Akkasumas immoo kadhachuufiinis barbaachisaa dha. Ijooleen

warra maatiin Waaqayyoon kadhatanii, gonkuma hin badan. Bu’a kadhata ofii immoo

utuuma deemanii gaaf tokko keessatti of arguuf jiru. Warri gadi fageenyaan iccittii

amantii hin beeknee illee mamaksaan “qomoon nyaattuu fi qomoon kadhattuu

(sagadu) hin baddu” jedhu. Maatiin geggeessaa Waaqayyoon jiraatuu immoo maaliif

kadhatee hin argatu ree? Akka Waaqayyo isin garagaaruu yoo feetan amantiin

cimsaa kadhadhaa in argattuu.

Waan kadhatan immoo argachuun akka hin oolle dubbiin Waaqayyoo cimsee waan

dubbatuuf bu’aa isaa argachuun hin oolu. Waaqayyo matumaa ijoollee amantoota

warra Waaqayyoon sodaatanii fi kadhatanii hin balleessu, ija itti godha malee!

Walumaagalatti, akka maatii Waaqayyootti fakkeenya gaarii taanee dubbii

Waaqayyoo baruu, isa barres itti jiraachuun, hojiitti jijjiruun, ijoollee ofiis dubbicha

keessatti eeguun nurraa barbaadama. Yoos maatii Waaqayyoon sodaatuu fi kabaju

taanee in jiraanna, innis nu gargaaruuf amanamaa dha. «Abbaan keessan oo’a -

qabeessa akka ta’e isinis oo’a qabeeyyii ta’aa» (Luq. 6:36) jedha sagaleen

Waaqayyoo. Eegaa Waaqayyo gaarii dha, guyyaa giddiraattis iddoo baqaati Ameen!

Gaafilee armaan gadii kana mee itti yaadaa deebisaa!

Gaafii:

1. Gaa’ila jechuun maal jechuu dha? 2. Gaa’illii eessatti jalqabame ? Yoom? Eenyuun? Maaliif? 3. Maatii Kristiyaanaa jechuun maal jechu dha? 4. Jireenyii maatii Kristiyaanaa maal fakkachuu qaba? 5. Rakkoolee maatii gidduutti huumamuuf fala akkamii

barbaadaa? Yoo hiikamuu baate midhaa inni fidu ibsi! 6. Nama akkamiitu hirri’aa gaa’ilaa gaarii waliif ta’aa? 7. Gaa’ila milkaa’ina qabu argachuuf maal gochuu qabda? 8. Hirri’yaa gaa’ilaa akkamitti filatuu? 9. Gaa’illi tokko maaliif wal dhiisaa? 10. Gaa’illii tokko wal hiikuun isaa dhiibbaa akkamii ijoolee isaanii

irratti fida? 11. Waaqayyo waa’ee maatii wal diiguu maal jedha?

Luqqisoota (xiqsoota) Macaafa Qulqulluu irraa fudhataman akka hin diigamne kan

ibsan:

1. Gaa’illi gammachuu qofa utuu hin ta’in rakkinas of keessaa qaba (Fak.5:18-19,

1Qor.7:28)

2. Wal dhabiinsi hatattamaan furmaata argachuu qaba (Efe.4:26).

3. Yeroo waliin mari’atanitti dhaggeeffachuun hammuma dubbachuu

barbaachisaa dha(Yaq.1:19).

4. Wanti dirqama gaa’ilaa ta’e, haala ofittummaa irraa walaba ta’ee fi gara

laafinaan raawwatamuu qaba (1 Qor.7:3-5).

Reference ( Madda itti fayyadamaman)

➢ Visionary Journey -January 14, 1990

By Longchenpa (Author)

➢ Journal of Marriage and Family August 1, 2017, Volume 79, Issue 4, Pages

891–1204 By Taryn W Morrissey AUW. D.C Ph.D

➢ A Christian Theology of Marrage and Family March 1. 2003.

by - Julie Hanlon Rubio (Auther)

➢ Make Your Marriage a Success, 22. August 2013

By Dr. Myles Munrose , KTN 55,070

➢ Macaafa Qulqulluu Afaan Oromo.

Gaa’ili kennaa guddaa Waaqayyo ilmaan namaatiif eebbisee kenneedha.

Waaqayyo abbaa keenyaa Adaamii fi haadha keenyaa Hewwaan warra jalqabaa, “Horaa,

baay’adhaas, lafa guutaa, isa harka jala galfdhaa! ... jedhee isaan eebbise” (Seera Uumamaa

1:28). “Namichi kophaa isaa ta’uun gaarii miti; kan akka isaatii kan isa gargaartu, ani isaaf

nan tolcha” ( Um. 2:18) jedhe Waaqayyo. Jechi kun faayidaa ilmaan namattif jedhee

Waaqayyo gaa’ila akka dhaabe nuu mirkaneessa. Kennaan ulfina qabeessi kun abboomii

Waaqayyoo cabsuu Adaamii fi Hewaaan irraa kan ka’e toora isaa gadi dhiise. Gaa’illii

Waaqayyo eebbise kun boora’uu yookiis manca’uu isaa irraa kan ka’e gaa’illi baay’een

diigamaniiru, diigamaas jiru,warra hin fuudhin/hin herumin jiraniif immoo yaaddoo ta’eera.

Lubi Tamasgeen macaafa isaanii Jireenya Maatii Kristiyaanaa fi Adeemsa Gaa’ilaa jedhu

kana keessatti rakkina gaa’ila keessatti nama mudatuuf furmaata ta’aa jedhani kan yaadan

gaa’ila mataa isaaniitii fi kan biro fakkeenya qabatamaa godhanii dhi’eessuu dhaan akka

hubatamuu danda’utti qopheessanii dubbistootaaf dhi’eessaniiru. Yaaliin macaafa kana

keessatti godhame yaada amantootaa garaa akeeka Waaqayyo gaa’ilaaf qabuutti kan waamuu

fi adeemsa gaa’ilaa keessatti Waaqayyoon dhageeffachuun, walis dhaggeeffachuun, hamam

barbaachisaa akka ta’e mul’isuu dha. Amantoonni gaa’ila qaban, gara fuula duraatti gaa’ila

qabaachuu warri yaadan, akkasumas Luboonii Waldaa Kristiyaanaa, ofiifis ta’e amantoota

ittiin gargaaruuf, macaafa kana of harkaa qabaachuun baay’ee barbaachisaadha.

Dubbisaa gaa’ila keessan baareffadhaa, gaa’ila hundee qabuuf of qopheessaa, amantoota ittiin

gargaaraa!

Debela Birri (Luba Dr.) Chicago, USA

Gaa'eellii fi dhimmi maatii ijoowwan gurguddoo bara kana keessa xiyyeeffannaa addaa barbaadan keessaa isa tokko dha. Keessumaa immoo maatiin kristiyaanaa tokko akkamittiin akka inni hundeeffamuu fi haala inni ittiin jiraachuu malu akkaata barsiisa dubbii Waaqayyoottiin hubatanii hordofuun eebba guddaa of keessaa qaba. Obboleessi keenya lubni Tamasgeen Dhaabasa kitaaba isaa kana keessatti ijoo kana irratti karaa salaphaatti namaaf hubatamuu danda'uun gumaachee jira. Namoonni gaa'ela keessa jiranis ta'e gara fuula duraatti gaa'ela dhaabbachuuf kan akeeka qaban kitaaba kana yoo dubbisan bu'aa guddaa iraa argatu jedheen amana. Desalegn Mengesha Ayana, Luba waldaa Kristiyaanaa warraa Lutheraanii Norway, Oslo.

Hiriyoonni gaa’ilaa maatii Kiristiyaanaa keessatti argaman, jecha nama miidhu

walitti dubbachuun madaa dafee hin fayyine geessisuunsaanii baay’ee nama gaddisiisa!

Gaa’illi dubbii nama miidhuun guutame ulfina qabeessa akka hin taane beekamaadha.

Gaa’ila keessan ulfina qabeessa gochuu kan dandeessan yoo dursitanii ulfinaaf eebba gaa’illii

qabu beektan qofadha. Amalawwan gaa’ila keessaniirra miidhaa geessisanirraa fagaachuu fi

tarkaanfiiwwan hariiroo gaa’elichaa qabu fudhachuun barbaachisadha. Eegaa, Macaafa

Jireenya Maatii Kiristiyaanaa fi Adeemsa Gaa’ila jedhu kana yeroo dubbiftani baruumsa akka

itti gaa’ila eeganiif kunuunsan, isa diigamee deebisanii ijaaran, isa hirr’ate deebisanii guutan,

jaalalaa fi gammachuu, obsaa fi dandeetti irraa akka argattan nan abdadha. Akkasumas

warra fudhaaf herruuma barbaadaniif akkaata deemsaa fi eeggannoo isaa ni huubachiisa.

Tamasgeen Dhabbasaa Birruu, Luba Waldaa Kristiyaanaa Warra Wangeelaa Oromo Trøndelag, Norway.