Download - Seenaa gootota oromoo
Qindeessan Seenaa Kanaa Akkawaaq Jaalataa Oliiqati
SEENAA GABAABAA ARTIST USMAAYYOO MUUSAA
Duuti sabboonaa Oromoo artisti Usmaayyoo Muusaa gadda ummata
Oromoo walii galaa taee darbe baatii darban kanatti. Artisti
Usumaayyoon jiruu fi jireenya isaa keessatti dalagaa aartiin inni
uummata isaaf kaaee darbe ammo artisti Usmaayyoo bara dhufaa darbu
hunda akka yaadatamu isa taasisa.Wallisaa Oromoo beekamaa fi
jaallatamaan Usmaayyoo Muusaa baatii Amajjii1967abbaa isaa Muusaa
fi haadha isaaFaaxumaa Abdullaahiirraa Baha Oromiyaa magaalaa
Haroomaayyaatti dhalate. Artisti Usmaayyoon jiruu fi jireenyaan
ennaa ummata isaa wajjin lafa irra ture gara laafinaa fi mararoo
guddaa uumama Waaqni uume hundaaf qabaachuun beekama.Artiisti
Usmaayyoo Muusaa mararoo fi jaalala saba isaaf qabu irraakankae
jiruu fi jireenya isaa QBOf dabarsee wareeguudhaan Hawwisoo Caffee
Gadaa fi Baandii Gadaa Oromoo keessatti saboonummaa fi wallisummaan
baroota dheeraaf tajaajilaa ture. Oromoon qaamaan isaani beekuu fi
kanneen wallee isaa kaasetta irraa caqasan yeroo hunda imimmaantu
isaan dursa, sababni isaas maaliif akka taekanbeekaan Oromoota
falma bilisummaa irra jiranii fi kanneen jiruu fi jireenyaan
waanjoo gabrummaa mootummaa Habashaa jalatti kufanii jireenya
hadhaawaa dirqiin dhamdhamsiiffachaa jiran qofatu beeka. Kanatti
dabalee amalli artistiin kabajamaan kun weeyitii lafa irra turetti
qabu, kokkofluun ,xabachuu fi kabajaan nama simachuunsaa yoom illee
ija hiriyyootansaa fi Oromoota qaamaan isaan beekan jalaa hin
badu.!!Artisti Usumaayyoon Bara 1987 ega Abdii Mahammed (qophee),
Kadir Said, Adam Haarun, Abdii Abraahim, Halloo Daawwee fi
artistoata biro waliinis wal bareen booda
fedhii jaalala muuziqaa tan isa keysa jirtu ifatti baasuuf Abdii
Mahammed wajjiin hujii muuziqaa qindeyfate shakala xumuree albama
tokkofaa isaa gitaara Ahis habbootan dabaalee mana muuziqaa JOLIY
kan jeamutti gurgure. garuu kaasettiin isaa osoo magaalaarra hin
ooliniif, sirni gitabittaa isappaa dargii qabsoo cunqurfamootaatiin
bar bodaawe kufe. Kaasenni isaa saniis achumaan cilee bishaan buute
tahee duraa hafe.
Bara 1991 eega dargiin Caphe booda waamicha Addi Bilisummaa Oromoo
(ABO)n Artistoota Oromoo hundaaf godhe kabajuudhaan Artist
Usmaayyoon artistoota baayyee wajjin kaayyoo bilisummaa irratti
hundaawee akeeka siyaasaa kaallacha qabsoo ummata Oromoo (ABO)
fudhatee hawwisoo caffee gadaa wajjin magaalaa dadar keysatti
gurmaawee qabsoo itti fufe. yaadannoodhaaf seenaa hujii isaa tan
gaafasi keysaa Bilisummaaf imimmaan ijatoo walmaraaObese sirraa
hafuu nindadhabe garaaSidhabee hinjiraadhu biyyatoo Oromiyaa
Kanjedhamutu keessatti argama.Sirbi Usmaayyoon sagalee isaa laayyoo
alalaasaa ture, ummata Oromoo baayyee garaa roraasee qabsoof
Kakaase. Bara 1992 erga mootummaan Ceumsaa diigamteen boodasArtis
usmmaayyoon sirboota siyaasaa ummata Oromoo jajjabeessanii fi
hamilee cimsan wallisaa ture.Albama lammaffaa isaanuyaamtikanjadhu
bara 1995 magaalaa irra akuma oolchetti, bara 1996 keeysa shira
Wayyaaneetiin sarbamee, qabamee hidhame. Waggaa saddet guutuus mana
hidhaa Zuwaay keessatti jireenya hadhawaa dabarse.Bara 2004 keysa
akka mana hidhaa Zuwaayii gad lakkifamettis jiumsanakeeysa albama
3ffaa Hidhaa fi ajjeechaan hamilee nucabsumata duree jedhuun
baase.Gochaan isaa kunis Artist Usumaayyoon yoomiyyuu qabsoo kana
irraa boodatteetti akka hin deebine mirkaneesseef.Artisti Usmaayyoo
Muusaa abbaa ijoolee shanii ture. Haati warraa isaa gannoota
saddetan Artist Usmaayyoon mana hidhaa mootummaa wayyaanee
keessatti rakkachaa ture gidduutti ijoollee guddisuu fi abbaa
ijoollee ishee ammoo mana hidhaa keessaa baasisuuf olii fi gad osoo
fiigduu dadhabbii, miidhamaa fi roorroo ishee mudateen ijoollee
ishee dirreetti facaaftee, abbaa warraa ishee mana hidhaatti
dhiiftee addunyyaa kana irraa godaante.Artisti Usumaayyoon roorroo
fi dararama qaamaa fi qalbii irra gaaa tureen mana hidhaa Zuway
keessattibaatii Sadaasaa bara 2006addunyaa kana irraa duaan
godaane.Sirni awwalcha isaas magaalaa Ciroo bakka uummatni Oromoo
hedduminaan irratti argamanii gadda isaanii haala xiiqii fi haluu
baafannaa guddaa of keessaa qabuun raawatameera.Qabsaawaan ni
kufaa, qabsoon itti fufaLubbuu artiist Usmaayyoo Muusaa Waaqayyoo
haa boqochiisu jenna.!Waldaa Artistoota Oromoo (WAO) irraaMuddee
2006.Labels:Seenaa Gabaabaa Artist USMAAYYOO MUUSAAposted by
OromiaTimes @10:03 AM1 commentsTHURSDAY, NOVEMBER 23, 2006Dhaamsa
Mana Gadaa Du'a obbaleyssa keenyaa kan usmayyoo Mussaa
laalchiseDhaamame.daandi dhugarratti kuftte maqaa ke oromoon bara
baraan jiraachisa.
Usmayoon barabaraan yaadannaLabels:Artist Usmaayoo Muussaaposted by
Abbaa Guulaa @7:25 AM1 commentsTUESDAY, NOVEMBER 21, 2006yeroo
dheeraadhaf dhukkubsataa akka ture oromooni isa beekan ni himan.
Tumamiinsa fii rakkoolee yeroo dheeraadhaf irra turerraa kan ka'e
osoo hin fayyin dua isaa tanaaf sababa taate.Awwaalcha Usmaayyoo
kan kaleeysa (20/11/2006).sirna cimaadhan geggeeffamerrati
Sabboonttonni Oromoo awaalcha kanarrati argaman Qabsaawan Kufus
qabsoon itti fufti dhaaddannoo akka dhiheeysaa turan oduun achirraa
dhufte ibsiti. Waaqni firoota isaatifii sabboontota Oromoo waaqni
isin haa jajjabeeysu jenna.Seenaa gabaabaa usmaayyoo yeroo nu
dhaqqabe isiniif dhiheeysina.GGBLabels:Artist Usmaayoo Muussaa
Adunyaa irraa godaane
Oromo artists who have been killed by the current regime
include:Ebbisa Addunyasinger and guitarist, Bilisuma Band, shot
dead in Addis Ababa,August 1996(previously reported by OSG)
Hime Yusufsinger and musician, Chafe Gada Band, killed in
Hararge1997
Kulani Borufemale vocalist, Chafe Gada Band, Hararge1997
Bonsiso Challasinger, Chafe Gada Band, Hararge1992
Hordofa Barentotraditional dancer, Chafe Gada Band,
Hararge1992
Jalaldramaproducer, Chafe Gada Band, Hararge1992
Sabontu Barentufemale vocalist, Chafe Gada Band, Bale1997
Ayantu Boranafemale traditional dancer, Chafe Gada Band,
Bale1997Source: Oromia Support Group (OSG Press Release Nr.
36)Labels:Few lists of Oromo Artists who have been killed by the
TPLF regime
.
Dhaamsa guyyaa yaadannoo gotoota oromoo bara 2006kabajannu
kessummoota afeere kessa tokko Dr asaffaa Jaalataati haasawa isaan
mana Oromiyaa Gadaan oOromoo Haa lLalisu kan paltaki gubbaratti
waan isaan jadhan kessaa hanga tokko haa walin caqafnnu.
dhagfatuf as tuqaa>>
Celebrating the First Anniversary of Popular uprising in
Oromia
November 9, 2006 marks the first anniversary of the beginning of
popular arising in Oromia. It was on this day that the Oromo people
raised their liberation struggle to a new height, covering the
entire Oromo land in a highly coordinated manner that has never
been seen before. On this day, the entire Oromo population accepted
the call made by its vanguard Front OLF and revolted on the TPLF
government by raising legitimate demands. Our people have shown to
the enemy and to the entire world that our struggle has grown in
maturity, size and extent. November 9 will be remembered forever as
a landmark in the history of the Oromo people.
Read more>>>oromnws10Nov06.htmLabels:Celebrating the First
Anniversary of Popular uprising in Oromiaposted by Abbaa Guulaa
@7:16 AM0 commentsWS on Human Rights Violation in Oromia
Written statement* submitted by the International Federation for
the Protection of the Rights of Ethnic, Religious, Linguistic and
Other Minorities (IFPRERLOM),
COMMISSION ON HUMAN RIGHTS 62nd Session
http://www.unpo.org/article.php?id=3976
The following is a list of alleged extra-judicial killings that
have been reported: On 9 November 2005 the police killed three
Oromo students (Jaagamaa Badhaanee(from Ambo 06, grade 11
student);Kabbadaa Badhaasaa(from Tiukur Inchinnii, grade 11
student) and an unidentified female student) and wounded 17 in Ambo
town. On 12 November 2005, a 10th grade studentLachiisaa
Fullaasaawas killed at Muka Turii High School. On 16 November
2005,Dabalaa Oliiqaa GuutaaandMalaakuu Tarfaa Fayisaa, of Kofale
High School in Arsi, were killed by TPLF/ Ethiopian Peoples
Revolutionary Democratic Front (EPRDF) cadres. Eleni Kitessa
(female), student of grade 9 was severely wounded.
On 28 November 2005, studentsHabtamuu Bayyataa
BiqilaaandFiqaaduuwere killed in Jalduu town (W.Shewa),Katamaa
XaafaaandNuuressaa Girmaawere severely wounded, and later died in
Ambo Hospital.
In December 2005Alemayehu Gerba(Gemta Gerba), a handicapped Addis
Ababa University student was shot dead in Akaki (Haqaaqii) prison,
a small town just south of Finfinne (Addis Ababa). On 20 December
2005, the TPLF is reported to have killed three students in Qiltu
Karaa, Western Oromia.
Five more students were seriously injured and taken to Aayiraa
Hospital, one of these was later reported to have died. On 24
January 2006, studentHayile Destawas killed by the state militia at
Abbaya Chomman sub district, at the town of Fincaaa. A recent
report by Human Rights Watch, compiled after visits to Ethiopia,
including Oromia, states that the Ethiopian government is using
intimidation, arbitrary detentions and excessive force in rural
areas of Ethiopia to suppress post-election protests and all
potential dissent.2Labels:WS on Human Rights Violation in
Oromiaposted by OromiaTimes @3:53 AM0 commentsSeenaa Gooticha
Barataa Kabbadaa Badhaasee
Kabbadaa Badhaasee abbaa isaa obbo Badhaasee Irkoo fi haadhaa isaa
aaddee Maammee Tulluu irraa bara 1984 A.L.O tti caamsaa 23 godina
Shawaa Lixaa Aanaa Xuqur Incinnii Ganda Qonnaan bulaa Naannoo
Jidduutti dhalate.
Kabbadaan Dhalatee kan guddate maatii isaa biratti yeroo tauu hanga
umrin isaa barumsaaf gahutti maatii isaa tajaajilaa ture.Yeroo
daaimummaa isaa daaimoota olla walitti yaaanii taphatan keessaa
daaima simboo addaa kana jedhanii ibsuun nama rakkisu qabu
ture.
Kabbadaa hanguma umriin isaa dabalaa adeemuu simboon isaas tae
hojjaan isaa dabalaa deeme. Bifti isaa magaala ifaa cuquliisa
caamni ganamaa itti bahe kan fakkaatu,hojjaan isaa nama guutuu
hafee hinqabne; jiddu-galeessa ture.
Ijji isaa urjii dukkana keessa iftu fakkaatee kan halaala nama
waamuu fi konkonni funyaan isaa ija isaa kuulii uumamaatiin
kuulamte gidduu dhaabbatti ture. Namni yeroo inni seequu ilkaan
isaa cabbii baddeessa bilchaatetti suuqame fakkaatu arge Kabbadaa
irraanfachuu hindandau.
Midhagina rabbi raajiidhaaf tolche uumee kana lakkoofne itti baasuu
waan hindandeenyeef ajaaiba jennetuma dhiisu wayya natti fakkaata
Kabbadaan ammalli isaa akkamii? jedhee namni gaafatuu yoo
jiraate;nama hunda wajjin nama walii galu,nama hunda kan kabaju
waan hundaan nama gargaaruuf kan of hinqusannee, hamilee nama
kamiif iyyu bakka gudda kan laatuu fi goota waan jedhe irra
hindeebine ture. Kabbadaan gara laafessa, garraamii, arjaa,
kutataa, sabboonaa, beekaa, nama oftuulummaa balaaleffatu,nama
yaada namaa fudhatu,umrii isaa daaima kanatti nama akka jaarsa
buleetti yaadu ture, Hinariifatu, nama hubatadha, Qalbi
qabeessa.Kabbadaan ilaalchi isaa nama walqixxummaa nama hundaatti
amanudha. Saba hundaaf bilisummaa fi jireenyaa walabaa kan hawwu.
Gocha koloneeffattoonni fi oftuultonni saboota cunqurfamoo irratti
raawwatan heddu balaaleffata. Gochii oftuultonni Habashaa Jaarraa
tokkoof Uummata Oromoo fi Uummatoota cunqurfamoota Impaayera
Itoophiyaa irratti raawwachaa turanii fi raawwataa jiran baayee
balaaleffachaa fi abaaraa ture.
Kabbadaan akka umriin isaa barumsaaf gaheen bara 1995 mana barumsa
Xuqur Incinnii sadarkaa 1ffaatti barumsa isaa eegale. Barumsa isaa
sadarkaa lammaffaa achuma mana barumsa sadarkaa lammaffaa Xuqur
Incinniitti xumure. Qormaata biyyooleessaa kutaa 10ni bara 2005
fudhate. Barumsa isaatin baayee cimaa ture. Kutaa isaas tae kutaa
hunda irraa 1ffaa ykn 2ffaa baaa ture. Qormaata biyyooleessaa kutaa
8ffaa qabxii olaanaa 99.46% fidee gara kutaa 9ffaatti darbe. Kutaa
sagalitti Qabxii giddu-galeessaa 93 fi kutaa kudhanitti 92 qaba
ture. Qormaata biyyooleessaa kutaa kudhanii 3.4 fideetu gara
barumsa qophaainaatti darbe. Umriin isaa waggaa YKN ganna 19 ture
yeroo sana. Barumsa qophaainaa garuu magaalaa Amboo Mana Barumsa
Amboo Olaanaa Sadarkaa lammaffaatti bara 2005/06 akka baruchuu
jalqabetti jia tokkoof turban lama baratee...Kabbadaan gargaarsa
tokko malee, dhiphuu fi gidiraa heddu keessaa hulluuqeeRakko fi
diinawajjin qabsoo hadhooftuu gochaa osoo harka hinkennatin
barachaa ture. Qiixxaa googduu torbanitti al tokkoo haadhaa isaa
rakkatoo irraa isaaf ergamu qofaan lubbuu isaa eege barate. Yeroo
Daabboo googduun kun dhibamee guyyoota hedduuf osoo afaan isaa waan
tokko hin ciniinin oolee bula ture. Beelli itti dheeratee hanga
qoonqoon isaa babbaqaqee gorora isaa liqimsuu dadhabuu tti gahaa
ture. Haala kanaan osoo barachaa jiruu bara 2005 Fulbaana 28 abbaan
isaa addunyaa kana irraa boqotani.Haa tau malee abdii kutatee osoo
barumsa addaan hinkutin;baratee ofii isaa,maatii isaa fi biyya isaa
fooyyeessuf osoo carraaqa jiruu abdiidhaan, kutannoo fi murannoo
dhugaadhaan hawwii isaa galmaan gahuuf gara fulduraatti osoo deema
jiru; akka beelaee garaan isaa qooqeetti qooqa isaa maratee,akka
dheebotee bishaan hawwetti akka daaree qullaa isaa turetti fi akka
rakkoon harmee fi maatii isaa ija isaa dura dhaabatee hafetti
hunduu hawwii taee sadaasa 8 bara 2005 xumurame. Hundu ni raawwate;
guyyaa keessa saa 6:00. Abdii jireenyaa isaa borii godhatee kan
inni abdatu,waan hunda kan inni itti irraanfatu,wabii jireenya isaa
gara fuulduraa kan tae fi hunda caala kan inni jaallatu kitaabonni,
Dabtarri fi qubeessaan isaa marti kallatti hundatti harkaa
bittinnaaan.Barataa Kabbadaa Badhaasee qabsoo farra gabrummaa
Oromoo barattoonni kobbee fi dabtara qabatanii gabroomfattoota
habashaa kan hanga funyaanitti meeshaa jabanaa hidhate wajjin
godhan keessatti nama gahee fi bakka olaana qabudha. Adda
durummaadhaan dargaggoota humna, beekumsaa fi lubbuu isaanii illee
osoo hinqusatin qabsaaan keessaa isa tokkodha. Qabsoo barattootni
Oromoo mana barumsa Xuqur-Incinnii sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa
raawwataa turan keessatti barattoota dadamaqsee harka walqabatanii
tokkummaadhaan sagalee diddaa gabrummaa akka dhageessisan gochaa
ture. Seenaa dhugaa durii jalqabee oftuultonni Habashaa Uummata
keenyaa irratti raawwataa turanii fi haras jaarraa 21ffaa keessatti
raawwachaa jiran hawwaasa maraa fi barattootaaf hima hubannoo
uummata cimsuudhaan qabsoon farra gabrummaa akka finiinuuf gahee
lammummaa isaa bahacha turera. Haxxummaa Habashootaa fi shira isaan
xaxanii Uummata gargar qooduudhaan qabsoo Oromootaa laaffisuu fi
maqsuudhaaf (Dhabamsiisuudhaaf) yaalii isaan maagaalaa
Xuqur-Incinni keessatti gochaa turan irratti dammaquudhaan mala
qabsoo tokkummaa Uummata tiksu dhahee uummata barsiisa ture.Uummata
fi barattoota murna-murnaan (maadheedhaan )qindeessee qabsoo
kallacha qabsootiin( ABO)dhaan durfamu jala akka hiriiran
murannoodhaan hojjetaa ture.Barata Kabbadaan seenaa barata Alamuu
Tasfaayee bara 2004 mana barumsaa Xuqur-Incinnii keessatti ergamtuu
diina Poolisii Damisee jedhamuun qabsoo irratti galaafatame
barreessee ture.Guyyaa awwaalcha barata Alamuu seenaa isaa
Uummataaf dubbisee,uummata kumatama heddutti lakkaaamuu awwaalchaa
barata kanaaf baheef dhaamsa Hanga yoomiitti duunaa? Hanga
yoomiitti qeee fi biyyaa keenya irratti galaafatamnaa? jedhu
dabarseefi ture.Uummannis seenaa barataa Alamuu wajjin
wal-qabsiisee ergaa barata Kabbadaan isaaf dabarse dhagaee onneen
isaa xuqamee qabsoo isaa cimsee itti fufuudhaan ergamtoota diinaa
kanneen akka bulchaa aanaa sana yeroo sana bulchaa turee fi
poolisoota ergama diina bahaa turan irratti tarkaanfii fudhatee
qabsoo fincila diddaa gabrummaa hara naannoo sanatti godhamaa
jiruuf buura taeera.
Guyyaa kana egaa kan Barataa Kabbadaan ija diina keessa buee,hiree
hiriyaan isaa Alamuu fi barattootni Oromoo hedduun akkasumas
gootonni Oromoo hedduun argatan akka argatuuf kan kaadhimame.
Sabboonummaa fi murannoon barataa kana kan garaa ishee waadee OPDOn
barata galaafachuuf kiyyoo kiyyeessuu eegalte.Baruma kana (2004)
hiriyoota isaa qabdee mana hidhaatti darbattee, Barata gaafa sirna
barataa Alamuu seenaa isaa barreessee dubbise baasaa,kaaseeta
sagaleen isaa irratti waraabame fidaa jettee mana hidhaa Aanaa
Xuqur-Incinniitti hiraarsaa turte. Kaaseetaa sagaleen barataa
Kabbadaa irratti waraabame yoo argatte illee sagalee isaa baruu
hindandeenyee. Hiriyoonni isaas dabarsani isa hinlaatne. Haala
kanaan bara 2004 kiyyoo dhaabni maxxannee OPDOtiin osoo hinqabamin
jala darbe. Bara sanatti osoo hinkiyyeeffamin jala miliqu iyyuu,
barana sadaasa 8 2005 guyyaa keessaa saa 6:00 irratti mana barumsa
Amboo olaanaa sadarkaa lammaffaa fuulduratti ergamtoota diinaa
Poolisoota Girmaa Gazzaanyii fi Habtaamuu Abdiisaa tiin galafatame.
Innis hiriya isaa Jaagamaa Badhaanee rasaasan rukutamee kufe arge e
Haadhookoo Haadhookoo jedhee yeroo inni olqabuudhaaf gad-jedhu isas
diinni rasaasan rukutuudhaan hiriyaa isaa kana irratti dabaltee
kuffiste.Dhiigni isaanii walqabatee karaa konkolaata irra
qajeele.
Akkuma lolaa Adoolleessaa bubbisee yaae. Wal irraa hin citu;ni
lolaa.Barattoonni iyyanii yeroo isaan reeffa hiriyoota isaanii kana
laman kaasuudhaaf dhufan ergamtoonnii diina dhiiga barattoota
Oromoo dhangalaasuudhaaf meeshee hidhanoo guutuu hidhatanii mooraa
mana barumsichaa marsnii jiran barattoota kana irratti
dhukaasuudhaan barattuu durbaa tokko yeroodhaaf Kaman maqaa ishee
hinbeekne ajjeesaniiru. Barattoota warra hafan moora mana barumsaa
keessa oliif gadi ariuudhaan akka waan dirree waraana keessa
jiraniitti irraatti dhukaasanii gargar facaasuudhaan reeffaa
barattoota galaafataman kana dhoksuudhaaf yaala turan.Barattootni
mana barumsaa olaanaa sadarkaa lammaffa Amboo garuu dhukaasa diinni
isaan irratti bane kanaan osoo hin wareerin, dhagaadhaan
kittallayyoota diina meeshaa waranaa hidhannoo guutuudhaan isaan
marse kana of irraa faccisaa turanii.Haala kanaan reeffaa hiriyoota
isaanii irraa diina ariatanii uummata magaalaa Amboo wajjin
tauudhaan konkolaataa Ambuulaansitiin Hospitaala Magaalaa Amboo
galchani.Barata Kabbadaan Hospitaalaa seenee daqiqaa murtaaee
boodaa hafuurrii isaa keessaa qixxaaee. Osoo akka kufeen gara
hospitaalaatti fudhatamee jiraatee barata Kabbadaan lubbuun isaa ni
bararfama ture. Garuu gara jabeenyaa ergamtoota diinaa kanaan
lubbuun isaa akka darbu tae.Jaagamaan garuu akkuma rukutameen ture
kan boqote.Haala suukanneessa kanaan egaa kan OPDOn dargaggoota
abaaboo caala addunyaa miidhagsan kana kan ishiin lafa irraa cirte.
Kun immoo waan haara miti; Ergamni ishee durattis baaa turtee fi
ammas Oromiyaa mara keessatti baachaa jirtuudha. Kanaaf dhukkuba
gartuun Wayyaanee Tigiraay nu keessatti dhalchee ittin uummata
keenyaa fixaa jiru kana yeroo xumuraaf of keessaa balleessuuf harka
wal qabannee haa kaanu!!Reeffii barataa KabbadaaAbbaa
diinaatiinilaalamee Finfinneedhaa ennaa deebiuu uumata kumaatama
heddutti lakkaaamutu baaduyyaa fi magaalaa Xuqur-Incinnii keessaa
yaaee simate. Gaafuma kana (09-11-2005) Uummanni kun magaalaa fi
baadiyyaa Xuqur-Incinnii iddoo adda addaa keessaa naannauudhaan
sagalee isaa dhageessisaa ooleera. Dhaadannoo isaan dhageessisaa
oolan keessaa muraasni isaa:- Barataa Kabbadaa Badhaasee qabsaaaa
keenyaa!
-Gumaa ijoollee keenyaa ni baafannaa,warra nu ajjeesee ni
ajjeefna!-Qabsoo barattoonni keenya irraa kufan galmaan gahuuf
kutannoodhaan kaaneerra!-Hidhaa fi ajjeechaan of duuba nu
hindeebisuu!
-Ergamtoota diinaa afaan qawweetiin nu ajjeesaa jiraniif hin
bitamnu!
-ABOn kallacha qabsoo bilisummaa Oromoo ti kan jedhu faa
ture!
Jala kaattuun mootummma Wayyaanee Bulchiisni Godina Shawaa Lixaa
haala kana hubatee soda keessa waan galeef waraana kumoota hedduun
lakkaaman hidhannoo guutuu hidhachiisee gara jabinaan tarkaanfii
kam iyyuu fudhatee osoo reeffii hindeebi;in akka uummata kana
bittimmeessu erge. Hoomaan waraana kunis uummata irratti waraana
banuudhaan lubbuu barataa Lachiisaa Soonxee galaafatee namoota
heddu madeesse. Uummannis qottoo, gajaraa fi eeboo qabu fudhatee
itti bahuudhaan hoomaa waraana Wayyaanee hedduu faayidaan alaa
godhee waraana oftuultotaa kanaan osoo hinrifatin reeffa barataa
Kabbadaa simatee, warra rukutamee kufes lafaa kaafatee gale. Haa
tauu malee Barataa Lachiisaa Soonxee eenyu akka ajjeesee adda
baasuun waan hindandaamneef namni dhuunfaan isa ajjeesee
hinbeekamuu. Kunis waan dhukaasa hoomaa waraanatin rukutameef ture.
Kanaaf bulchaa Aanaa fi Godina sana badiisa Lubbuu barataa
Lachiisaa Soonxeef itti gaafatamummaa fudhachu qaba. Gaafa
10-11-2005 reeffii barataa Kabbadaa Xuqur-Incinnii bataskaana
Goorgisii cinatti kan argmu lafa awwaalchaa amantoota
Pirotestaantitti awwaalame.Hiriyonni isaa, Uummanni magaalaa
Incinnii,Shanan,Gudar fi Amboo Akkasumas Uummanni baadiyyaa Aanaa
sanaa fi firootni isaa marti yaaanii; haala hoaadhaan
awwaalame.Yeroo jalqabaaf ture Uummmannii Kuma 15 ol tau reeffaa
dargaggoo tokkoo awwaaluuf kan bae. Reeffii Abbaa Biyyaa tokkoo
iyyuu sirna hoaa akkanaatin awwaalamee hinbeeku.Inni farad qabuu
eeboo fi gaachana isaa qabatee dhaadannoo isaa dhageessisaa fi
seenaa barata kana himaa, inni garaan isaa dadhabe booee
mararfamaa, akkasumas gurguddoonni biyyaa illee laphee isaanii
rukutatanii hanga ijji isaanii diimatutti booa turani.Garuu
booyichii kun hanga yoomitti itti fufaa? Hangaa yoomittis
Dargaggoonnii keenyaa lafa irraa ciramuu? Sabboontoonni hiriyoota
isaa Alaabaa ABO Abaaboodhaan faayame qopheessanii suuraa isaa
keessa kaauudhaan kana malees reeffa isaatti alaabaa Adda
Bilisummaa Oromoo uffisuudhaan garaa diinaa bobeessaa oolaniiru.
Akka sirna awwaalcha biyya sanaatti farda qamisiin qopheessanii
alaabaa itti uffisanii kaayyoo fi qabsoo barata Kabbadaan Itti
wareegame firaa fi diina isaatti ifaan mulisaniiruu. Akkasumas
hiriyoonni isaas seenaa isaa barreessanii sirna awwaalcha isaa
irratti dubbisaan dhaamsa qabsoo barataan kun dhaamaa ture
Uummataaf dabarsaniiru. Dhuma irratti sirni awwaalcha isaa eebba
maanguddootaatin xumurame.
Maanguddoonni kunis ganti dhiiga Uummata keenyaa dhangalaasaa fi
lubbuu gootota heddu galaafachaa jirtu abaaraniiru. Akkasumas
Uummanni Oromoo marti akka abbooti duri eeboo fi gaachana isaa
qabatee farda irratti bahe tokkummaadhaan akka diina isaa irratti
kauu dhaamsa dabarsaniiru. Egaan haala suukanneessaa akkanaatiin
nuti barattootni Oromoo sababaa gaaffii mirgaa kaasaneef jecha
gara-jabeenyaan lafa irraa daguugamaa jirra.
Nuti Barattootni kun Dabtaraa fi Kobbee malee waan tokko illee of
harkaa hinqabanu.. Gaafiin keenyaas gaaffii mirgaa fi gaaffii
biyyaa ofii irratti abba biyyummaa dhugoomfachuu waan taeef hanga
deebiin sirri tae argamutti gaaffiin keenyaa itti fufa. Wareegama
hadhaaaa hangana ulfaatu kaffallee guyyaa tokkoo kaayyoo keenya
akka galmaan gahannu hinshakkinu. Kun ammo yeroon isaa fagoo miti.
Kanaaf barattoota Oromoo lafarraa Duguugun furmaata tokkoo illee
fiduu hindandauu.Itti iyyuu Uummatni keenya marti qabsoo hadhaaaa
kana caaluuf akka of qopheessu godhaa jiraa.
Kana ammoo sochii qonnaan bultootni Oromoo yeroo ammaa godhaa jiran
fakkeenya gaariidha. Keessuma iyyuu sochiin qonnaan bultoota
Aanaalee Baha fi Lixa Wallaggaa Keessatti amma godhama jiru
akkasumas sochii hawwaasni Harargee amma irra jiru diinaa keenyaaf
hubatamuu qaba. Gumaan barattoota Oromoos akkanaan dhangalaee hafuu
hinqabu. Haraa eenyuu taanan gumaa barattoota kanaa baasee kaayyoo
isaan kufanii fi kufaa jiran galmaan gahuu qaba. Uummanni Oromoo,
barattootni Oromoo saboonti cunqurfamoon qabsoo diddaa gabrummaa
kan amma barattoota Oromoon adeemsifamaa jiru kana daran cimsuun
bilisummaa isaanii gonfachuu qabu.
Itti dabalees dhaabbileen mirkga dhala namaaf falmaniif Sabaa
himaaleen Addunyaa dhiitichaa mirga dhala nama amma baadiyyaa
Oromiyaa keessatti Uumata Oromoo irra gahaa jiru kanaaf gurra
isaanii ergisuu addunyaa irratti akka beekamuuf gahee isaanii akka
bahatan waamicha dabarsina.Barattoota Mana Barumsaa Olaanaa
Sadarkaa Lammaffa Amboo.
Injifannoo Uummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!Labels:Seenaa Gooticha Barataa Kabbadaa
Badhaasee
Seenaa Jaagamaa Badhaane
Qabsaawaan ni kufaa qabsoon itti fufa! Kan kaayyoof kufe lama
dhalatee takka due, kana ofumaa due takkaa dhalatee lama due.
Qabsoo bilisummaaf deemsifamaa ture keessatti goototi Oromoo
qaqqalii taan itti wareegamaniiru. Wareegama isaanii kanatu hara
akka nuyi Oromummaa keenyaa beeknee sanaafis falmannu nu godhe.
Haatauu malee, wareegama haga haraa kaffalameen qabsoon Oromoo
galii isaa hin geenye. Garuu qabsoon keenyi guyyumaa guyyaan
fuladuratti tarkaanfataa jira.
Goototii barattooti Oromoos qabsoo hangafooti qabsaawoti keenyi
warri akka Jeneraal Taaddasaa Birruu, Baroo Tumsaa, Elemoo Qilxuu,
Magarsaa Barii, Gadaa Gammadaa, Abbomaa Mitikkuu fi kkf itti
wareegamanii aakka bakkan geenyuuf imaana nutti kennatanii dabran
bakkan gayuuf qabsoo hadhawaa gochaa turuun isaanii ni
beekama.
Keessatti baroota 2000 as wareegamni goototi baratoota Oromoo
seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti bakka guddaa qaba.
Wareegamtooti kanneen akka Geetuu Dirribaa/ Ambotti/ Diribee Jifaar
/Dambidoollootti/ bara 2000 keessa kaffalan baratoota Oromoo bakka
adda addaa tti fakeenyaa gootummaa taee akka isaan qabsoo isaanii
finiinsan isaan taasiseera. Maqaleett ajjeefamuun barataa Simee
Tarrafaa ammoo baratoota Oromoo caalatti tokko taanii diina ija
baasaa Oromoo lafa irraa dhabamsiisuuf itti jiru kana falmachuun
waan furmaata hin qabne tauu isaa hubachiseera. Egaa akka kanaani
qabsoon Bilisummaa baratoota Oromoo golee arfan Oromiyaa keessatti
kan fininee itti fufee hara as gaye.
Egaa fincilli diddaa gabrummaa amma itti jirus itti fufaa qabsoo
goototaa qabsaawota keenya bilisummaa Oromoof gucaa taanii
darbaniiti. Akka kanaan baratooti Oromoo fi hawaasi Oromoo bakka
adda addaatti wareega qaqqalii kaffalaa jira. Isaan kana keessa
gaafa roobii/ 9/11/05/ kan wareegamee Gootichaa Jaagamaa Badhaanee
waa jetna.
Jaagamaa Badhaanee barataa Oromoo goota, gara kuteessa fi gamna
barattoota kanneen kaniif fakkeenya garii fi dura buaa ture. Sochii
barattoota bara 2000 jalqabamee irraa kaasee adda durumaan kan
baratoota qindeessaa turee fi kan sabboonummaa Oromoo barattoota
keessatti dagagsaa turee dha. Gaafa sadarkaa tokkoffa/ kutaa 7ffaa/
baratuu illee maadhee dhoksaa barattootatti ijaaramee kan qindeessa
ture tauun isaa hiriyooti isaa oso hirqinfatani dubbatu.
Jaagamaan beekaa kan dubbatee nama hin mufachiisnee fi kan namoota
hedduuf fakkeenya taee dha. Kana irraa kauun baratooti Oromoo
naannoo Amboo akka motora sochii isaanitti isa ilaalu. Wayyaneenis
kanumaa irraa kauun akka inni mana barumsaa irraa wagga sadiif
/2002-2005/ariyatamu goote. Haatauu garuu Jaagamaatiin kun haamilee
isa hin tuqne. Bakka jiru hundumaatti waaee gabrummaa Oromoo
dubbatee hiriyoota isaa qabsoof kakasuu irraa duubaa hin deebine.
Yeroo kana mana suuraa Tsiyoon jedhamu Amboo keessa waggota sadan
kana yeroo hojjetaa tures sabbonota Oromoo mamiltooti isaa
dinqisifanna fi jaalala guddaa horateera.
Egaa Wayyaneenis kana hundumaa waan beektuuf dursitee baratoota
keessa isa baaftee kan isheen osoo baratooti dhaadhannoo isaanii
illee dhageessisuu hin jalqabiin kan isheen rasaasa itti roobsite.
Ummati fi baratooti Amboos Awwaalcha goota Oromoo kana irratti
hedduminaan argamuun kabaja guddaa fi gootummaa isaa faarfachaa kan
isaa awwaalan. Sana qofaas osoo hintaane ergaa awwaalchaa isaa
irraa deebianii alabaa ABO qabatanii halkan guutuu goototaa Oromoo
wareegaman fi Jaagamaa farsaa akka gumaan isaan deebisan
dhaadhachaa kan bulan. Ammallee ummati Amboo qabsaawaan ni kufa
qabsoon itti fufaa! Jechuun fincila didda gabrummaa itti fufaa
jiru. Egaa gootii akkas ummata isaaf fakkenya teee duee barabaraan
jiraata kan jedhamuufis kanumaafi.
Injifannoon Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!Labels:Seenaa Barataa Jaagamaa
Badhaaneeposted by OromiaTimes @3:32 AM0 comments
Seenaa Gabaabduu Barataa Gaaddisaa Hirphasaa
Barataa Gaddisaa Hirphasaa abba isaa Obbo Hirphasaa Qanaaa fi
haadha isaa Aaddee Jaalannee Diroo irraa Eebla bara 1980(A.L.O.)
Godina Shawaa Lixaa Aanaa Xuqur Incinnii ganda Qorroo Haarritti
dhalate. Barnoota isaa sadarkaa 1ffaa achuma Xuqur Incinnii mana
barumsaa Boorat sadarkaa 1ffaatti xumure. Barnoota sadarkaa
lammaffaa kutaa 9 M.B. sadarkaa lammaaffaa Gudaritti kan hordofe
yoo tau 10-12 ammoo M.B.sadarkaa lammaafaa Jimmaatti barate.
Qormaata Biyyoolessaa qabxii olaanaa galmeessuun Yuunivarsiitii
Finfinneetti ramadame. Barnoota sadarkaa olaanaas qabxii guddaa
fiduun muummee Teeknooloojii seenuun barataa civil engineering
waggaa 4ffaa ture.Barataan Gaaddiisaa diimaa bareeda mataa luuccaa
dhaabbitiin isaaf miidhaginni fuula isaa bayyee kan nama hawwatu
mucaa sinbo-qabeessa, hiriyoota isaaf hawaasa keessatti jaallatamaa
ture. Miidhagina qaamaa qofa osoo hin taane yaadni fi hamalli isaa
kan namatti tolu mucaa jaalatamaa fi eebbifamaa ture.Barataan
Gaddisaan waaee eenyummaa Oromoo kan xinxaluu eegale yeroo sadarkaa
1ffaa baratu yoo tahu, wayta sadarkaa lammaffaa baratu ammoo
barattoota Amboo waliin gaffii mirgaa gaafachuu tattaaffiin inni
godhaa ture cimaadha. Cunqursaan Oromoo irraa gahaa tureef gahaa
jirtu darab isa quuquu kan jalqabes yeruma kana ture. Wayta
Yuunivarsiitii Finfinnee seenettis gootota barattoota Oromoo
Yuunivarsiitii Finfinnee biroo waliin gaffii mirgaa gaafachuurraa
nama guyyaa tokkollee hin boqonne, nama murataa ture.
Barataa Gaaddisaan gaafa mooraa yunivarsiitii Finfinnee seenee
eegalee gaafii mirgaa fi kan abbaa biyyuummaa Oromoo barattoonni
Oromoo kaasaa turan keessatti gaheen inni taphataa ture himamee hin
dhumu. Seenaa qabsoo Oromoo keessatti kan yoomuu hin dagatamne
mormii barattoota Oromoo 2004 keessatti nama gaffii abbaa biyyuumma
Oromoo Finfinneerratti qabu barattoota biroo waliin falmii
geggeessaa turan keessaa isa tokko. Yeroo Wayyaaneen magaala
guddittii Oromiyaa gara Adaamaatti godaansiftee ergamtuu ishee OPDO
Finfinneedhaa buqqiftetti gaaffii mirgaa barattoonni Oromoo
Yuunivarsiitii Finfinnee gaafannaan barattoota 350 ol kan tahan
barnoota irraa wayta ariamanii kaasee mootummaan faashistii
Wayyaanee mana hidhaa adda addaa keessatti dararama hiriyaa hin
qabne irraan gahaa turte.
Mana hidhaa Maakalaawwii, mana hidhaa Karchalee Finfinnee booddee
ammoo mana hidhaa Qaallittii keessatti hooggantoota Waldaa Maccaa
Tuulamaa fi barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee waliin
miidhan irra gahaa ture. Dararama poolisa federaalaa harkatti irra
gahaa ture caalatti ammoo kan mana hidhaa Qaallittii keessatti
jalaqaba Jia Gurraandhala keessa irra gahaa ture akka malee
hammaataa ture. Shira Wayyaanonni xaxaniin bilbila mobaayla lafa
inni ciisu kaauun ABOf bilbila jedhanii yakkuun mana hidhaa
dukkanaa fi kan lafa jalaatti achuma Qaallitti qofaa isaatti
hidhuun turban lamaafosoo walirraa hin kutiin reebaa turan. Yeroo
achitti reebaa turanitti kale isaa akka malee waan miidhaniif ammo
qorra lafa jalaa waliin itti hammaatee waldhaansa dhoorkanii ittuma
yaadanii ajjeesan.Barataa Gaaddisaan Bitootessa 28-2006 ganama
keessaa saaa 9:00 irratti Hospitaala Minilikitti osoo wallaansa
tokko illee hin argatiin hiriyyoota isaa harkatti biyya lafaa irraa
boqote.Dhumarratti gootichi Oromoo Gaaddisaan wayta lubbuun keessaa
bahuuf jirtutti akkas jedhee barattoota Oromoo fi Ummata Oromoo
maraaf dhaamsa dabarsee.Dhaamsa isaa keessaa muraasni:-Yaa Ummata
Oromoo!, Yaa hiriyyoottan koo fi yaa firoottan qabsoo
bilisummaaOromoo!Duutin ani due dua gootoota Oromoo kan eenyummaa
Oromoo yeroo jalqabaaf kaasan dua obboo H/Maariyaam Gammadaa, kan
Jeneraal Taaddasaa Birruu, dua Dhibbaalaa MaammooMazamirii fi kan
gootota Oromoo biroo waliin walfakkaata. Ani kanan hidhameef, kanan
ajjeefameefis waanan gaaffii mirgaa Oromoo gaafadheef, waanan
cunqursaan Oromoo irra jirtu haa kaatu jedhee gaafadheef akkasumas
Oromummaa kootti waanan boonuf malee yakka hojjedheen miti.
Mootummaan gabroonfataan ammoo nama ofitti amanu hin jaallatu,
mootummoonni Abashaa kan fedhan Oromoo doofaa kan waan isaan ajajan
ishoo jedhee fudhatu malee kanneen sabboonoo taan kaan biyyaa
ariuun kan qabate mana hidhaatti hiraarsuun achumaan ajjeesuun
aadaa isaa tahee jira.Duuti Oromoo dhaa hamma dua sareellee
dhageettii dhabdee jirti. Waan taheefis ani bilisummaa Oromootiifan
wareegame irra deddeebitanii hidhii xuuxuun waahuu akka hin fidne
beektanii kaayyoon ani itti wareegameef akka galmaan geessan
imaanaa/adaraan tokkoon tokkoo Oromootiif dhaammadha. Kanaaf yaa
uummata Kuttaayee, yaa uummata Amboo, yaa uummata Sulee , yaa
uummata Giincii, yaa uummata Guduruu,Yaa Ummata Sikkoof Mandoo, Yaa
Ummata Ittuuf Humbanaa ,Horteen Booranaa fi Barreentumaa walumatti
qabaatti Uumatni Oromoo marti gumaa koo goodatti hin hambisinaa!
Karaan irra jirru karaa sirriifii kan Jaallan Oromoo itti
wareegamaa jiran waan taheef waan nu itti ajjeefamne kana murannoon
galmaan gahuun hoji-manee keessan waan taheef mirga keessan
kabachiifachuuf sochoaa! Duuti siree irrattuu kan hin hafne waan
taheef ani ammoo bilisummaa saba guddaa gabrummaa jala jiru kanaaf
osoon lubbuu lama qabaadhee kenneefii waan na gabbisiisu miti.
Wanti guddaan dagatamuu hin qabne garuu Oromoon inni hafe gumaa koo
baasuuf hirbuu naa seenuu qaba! Kan jedhu dhaammate.
Qabsaayaan ni kufa!, Qabsoon itti fufa!!Margaa Oromoo lafarraa
duguuguun aangoorra turuuf yaaluun mootummaagabroomfataa kufaatii
irraa hin oolchu!Injifannoo Ummata Oromoof!!Gadaan Gadaa
Bilisummaat!!Labels:Seenaa Gabaabduu Barataa Gaaddisaa
Hirphasaa
"Shooting at unarmed students is a shameful misuse of government
power. The Ethiopian government has to investigate and prosecute
the authorities responsible for firing on the students"
Saman Zia-Zarifi, Academic Freedom Director for Human Rights Watch
(May 2002)
"The attacks on academic freedom have now degenerated into a
wholesale assault on civil society in Ethiopia."
Saman Zia-Zarifi, Human Rights Watch's Academic Freedom Director
(05.10.2001)
"The Ethiopian government is violently suppressing any form of
protest and punishing suspected opposition supporters."
Peter Takirambudde, director of Human Rights Watch's Africa
Division (13. January 2006)
"The problem with taking Meles as a symbol of a promising but
tragically underfunded African renaissance is that his government
has amassed an appalling human rights record during its 14 years in
power. While this government is an improvement over its brutal
predecessor, its human rights record is nonetheless extremely
grim."
Chris Albin-Lackey, Sandler fellow at Human Rights Watch (July 4
2005)Labels:Few Quotations on Human Rights Violation against Oromo
Students
Dhaamsaa fi Seenaa Gabaabduu Barataa Shibiru Damissee Barattoota
Yuniversty Maqalee Irraa
Baratan Shibbiruu Damisse Baatii bara 1982 godina Wallagga dhihaa
aanaa Hoomaa, ganda Siibaa Yesuusitti dhalate. Bara 1993 barumsa
marsaa tokkoffaaf jiddugaleessa lammaffaa kutaa 1ffaa - 8ffaa mana
barumsaa 51ffaa Sootakootti barate. Barumsa sadarkaa 2ffaa mana
barumsaa komprensiivii Gimbii sadarka 2ffaatti bara 2001 2004 tti
xumure. Bara 2004 qormaata guutu biyyoolessaa fudhatee qaphxii
gaarii fiduudhaan bara 2005 yunivarsiitii Maqaleetti barataa mummee
Seenaa taudhaan barnoota sadarkaa ol aanaa hanga sadaasa 4, 2006tti
faana buaa ture.
Shibbiruun barataa cimaa egereef kan yaadu, tokkummaa barattota
Oromoo kan leellisu, Oromo lagaaf amantiin kan hin qoonne, abdii
biyyaaf maatii isaa ture. Yeroo turtii yunivarsiiticha keessatti
dabarseen qaphxii gaarii galmeessaa bara itti eebbifamu kana
sakoondii, daqiiqaa, saatii, guyyaa fi torbaniin lakkaawwatee
eegalee ture.
Akkuma hiriiyyota isaa mulata eebbaa offulduratti ilaalaa, barumsa
isaa ciminaan hojjetee xumurachuuf karoorfatee kaayyoon jabaa itti
ture. Kun osoo kanaan jiruu, kaayyoon isaa marti hafee, abdii
haadha isaas kan dukkanoofte sadaasa 4, 2006 galgala lubbuun isaa
harka ilmaan Tigireen dabarte. Shibbiruun nama egeree lammii
biyyaaf yaadu, bilisummaa biyyaa isaaf ciisee kan hin bulle, hidda
Oromooti.
Nuti hiriyyoonni isaa yunivarsiitii Maqaleetti argamnu; Shibbiruu,
nama akkasii of biraa dhabuun dhabuu keenyaaf gadda guddaa nutti
dhagahama: maatii isaa, oboleeyyan isaa, firoottan isaa fi uummata
Oromoo maraaf jajjabina isiniif haa kennu jechaa, bilisummaa ummata
keenyaaf hawwinaa
Barataa Gaddisaa Hirphasaa abba isaa Obbo Hirphasaa Qanaaa fi
haadha isaa Aaddee Jaalannee Diroo irraa Eebla bara 1980(A.L.O.)
Godina Shawaa Lixaa Aanaa Xuqur Incinnii ganda Qorroo Haarritti
dhalate. Barnoota isaa sadarkaa 1ffaa achuma Xuqur Incinnii mana
barumsaa Boorat sadarkaa 1ffaatti xumure. Barnoota sadarkaa
lammaffaa kutaa 9 M.B. sadarkaa lammaaffaa Gudaritti kan hordofe
yoo tau 10-12 ammoo M.B.sadarkaa lammaafaa Jimmaatti barate.
Qormaata Biyyoolessaa qabxii olaanaa galmeessuun Yuunivarsiitii
Finfinneetti ramadame. Barnoota sadarkaa olaanaas qabxii guddaa
fiduun muummee Teeknooloojii seenuun barataa civil engineering
waggaa 4ffaa ture.Barataan Gaaddiisaa diimaa bareeda mataa luuccaa
dhaabbitiin isaaf miidhaginni fuula isaa bayyee kan nama hawwatu
mucaa sinbo-qabeessa, hiriyoota isaaf hawaasa keessatti jaallatamaa
ture. Miidhagina qaamaa qofa osoo hin taane yaadni fi hamalli isaa
kan namatti tolu mucaa jaalatamaa fi eebbifamaa ture.Barataan
Gaddisaan waaee eenyummaa Oromoo kan xinxaluu eegale yeroo sadarkaa
1ffaa baratu yoo tahu, wayta sadarkaa lammaffaa baratu ammoo
barattoota Amboo waliin gaffii mirgaa gaafachuu tattaaffiin inni
godhaa ture cimaadha. Cunqursaan Oromoo irraa gahaa tureef gahaa
jirtu darab isa quuquu kan jalqabes yeruma kana ture. Wayta
Yuunivarsiitii Finfinnee seenettis gootota barattoota Oromoo
Yuunivarsiitii Finfinnee biroo waliin gaffii mirgaa gaafachuurraa
nama guyyaa tokkollee hin boqonne, nama murataa ture.
Barataa Gaaddisaan gaafa mooraa yunivarsiitii Finfinnee seenee
eegalee gaafii mirgaa fi kan abbaa biyyuummaa Oromoo barattoonni
Oromoo kaasaa turan keessatti gaheen inni taphataa ture himamee hin
dhumu. Seenaa qabsoo Oromoo keessatti kan yoomuu hin dagatamne
mormii barattoota Oromoo 2004 keessatti nama gaffii abbaa biyyuumma
Oromoo Finfinneerratti qabu barattoota biroo waliin falmii
geggeessaa turan keessaa isa tokko. Yeroo Wayyaaneen magaala
guddittii Oromiyaa gara Adaamaatti godaansiftee ergamtuu ishee OPDO
Finfinneedhaa buqqiftetti gaaffii mirgaa barattoonni Oromoo
Yuunivarsiitii Finfinnee gaafannaan barattoota 350 ol kan tahan
barnoota irraa wayta ariamanii kaasee mootummaan faashistii
Wayyaanee mana hidhaa adda addaa keessatti dararama hiriyaa hin
qabne irraan gahaa turte.
Mana hidhaa Maakalaawwii, mana hidhaa Karchalee Finfinnee booddee
ammoo mana hidhaa Qaallittii keessatti hooggantoota Waldaa Maccaa
Tuulamaa fi barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee waliin
miidhan irra gahaa ture. Dararama poolisa federaalaa harkatti irra
gahaa ture caalatti ammoo kan mana hidhaa Qaallittii keessatti
jalaqaba Jia Gurraandhala keessa irra gahaa ture akka malee
hammaataa ture. Shira Wayyaanonni xaxaniin bilbila mobaayla lafa
inni ciisu kaauun ABOf bilbila jedhanii yakkuun mana hidhaa
dukkanaa fi kan lafa jalaatti achuma Qaallitti qofaa isaatti
hidhuun turban lamaafosoo walirraa hin kutiin reebaa turan. Yeroo
achitti reebaa turanitti kale isaa akka malee waan miidhaniif ammo
qorra lafa jalaa waliin itti hammaatee waldhaansa dhoorkanii ittuma
yaadanii ajjeesan.Barataa Gaaddisaan Bitootessa 28-2006 ganama
keessaa saaa 9:00 irratti Hospitaala Minilikitti osoo wallaansa
tokko illee hin argatiin hiriyyoota isaa harkatti biyya lafaa irraa
boqote.Dhumarratti gootichi Oromoo Gaaddisaan wayta lubbuun keessaa
bahuuf jirtutti akkas jedhee barattoota Oromoo fi Ummata Oromoo
maraaf dhaamsa dabarsee.Dhaamsa isaa keessaa muraasni:-Yaa Ummata
Oromoo!, Yaa hiriyyoottan koo fi yaa firoottan qabsoo
bilisummaaOromoo!Duutin ani due dua gootoota Oromoo kan eenyummaa
Oromoo yeroo jalqabaaf kaasan dua obboo H/Maariyaam Gammadaa, kan
Jeneraal Taaddasaa Birruu, dua Dhibbaalaa MaammooMazamirii fi kan
gootota Oromoo biroo waliin walfakkaata. Ani kanan hidhameef, kanan
ajjeefameefis waanan gaaffii mirgaa Oromoo gaafadheef, waanan
cunqursaan Oromoo irra jirtu haa kaatu jedhee gaafadheef akkasumas
Oromummaa kootti waanan boonuf malee yakka hojjedheen miti.
Mootummaan gabroonfataan ammoo nama ofitti amanu hin jaallatu,
mootummoonni Abashaa kan fedhan Oromoo doofaa kan waan isaan ajajan
ishoo jedhee fudhatu malee kanneen sabboonoo taan kaan biyyaa
ariuun kan qabate mana hidhaatti hiraarsuun achumaan ajjeesuun
aadaa isaa tahee jira.Duuti Oromoo dhaa hamma dua sareellee
dhageettii dhabdee jirti. Waan taheefis ani bilisummaa Oromootiifan
wareegame irra deddeebitanii hidhii xuuxuun waahuu akka hin fidne
beektanii kaayyoon ani itti wareegameef akka galmaan geessan
imaanaa/adaraan tokkoon tokkoo Oromootiif dhaammadha. Kanaaf yaa
uummata Kuttaayee, yaa uummata Amboo, yaa uummata Sulee , yaa
uummata Giincii, yaa uummata Guduruu,Yaa Ummata Sikkoof Mandoo, Yaa
Ummata Ittuuf Humbanaa ,Horteen Booranaa fi Barreentumaa walumatti
qabaatti Uumatni Oromoo marti gumaa koo goodatti hin hambisinaa!
Karaan irra jirru karaa sirriifii kan Jaallan Oromoo itti
wareegamaa jiran waan taheef waan nu itti ajjeefamne kana murannoon
galmaan gahuun hoji-manee keessan waan taheef mirga keessan
kabachiifachuuf sochoaa! Duuti siree irrattuu kan hin hafne waan
taheef ani ammoo bilisummaa saba guddaa gabrummaa jala jiru kanaaf
osoon lubbuu lama qabaadhee kenneefii waan na gabbisiisu miti.
Wanti guddaan dagatamuu hin qabne garuu Oromoon inni hafe gumaa koo
baasuuf hirbuu naa seenuu qaba! Kan jedhu dhaammate.
Qabsaayaan ni kufa!, Qabsoon itti fufa!!
Baratan Shibbiruu Damisse Baatii bara 1982 godina Wallagga
dhihaa aanaa Hoomaa, ganda Siibaa Yesuusitti dhalate. Bara 1993
barumsa marsaa tokkoffaaf jiddugaleessa lammaffaa kutaa 1ffaa -
8ffaa mana barumsaa 51ffaa Sootakootti barate. Barumsa sadarkaa
2ffaa mana barumsaa komprensiivii Gimbii sadarka 2ffaatti bara 2001
2004 tti xumure. Bara 2004 qormaata guutu biyyoolessaa fudhatee
qaphxii gaarii fiduudhaan bara 2005 yunivarsiitii Maqaleetti
barataa mummee Seenaa taudhaan barnoota sadarkaa ol aanaa hanga
sadaasa 4, 2006tti faana buaa ture.
Shibbiruun barataa cimaa egereef kan yaadu, tokkummaa barattota
Oromoo kan leellisu, Oromo lagaaf amantiin kan hin qoonne, abdii
biyyaaf maatii isaa ture. Yeroo turtii yunivarsiiticha keessatti
dabarseen qaphxii gaarii galmeessaa bara itti eebbifamu kana
sakoondii, daqiiqaa, saatii, guyyaa fi torbaniin lakkaawwatee
eegalee ture.
Akkuma hiriiyyota isaa mulata eebbaa offulduratti ilaalaa, barumsa
isaa ciminaan hojjetee xumurachuuf karoorfatee kaayyoon jabaa itti
ture. Kun osoo kanaan jiruu, kaayyoon isaa marti hafee, abdii
haadha isaas kan dukkanoofte sadaasa 4, 2006 galgala lubbuun isaa
harka ilmaan Tigireen dabarte. Shibbiruun nama egeree lammii
biyyaaf yaadu, bilisummaa biyyaa isaaf ciisee kan hin bulle, hidda
Oromooti.
Nuti hiriyyoonni isaa yunivarsiitii Maqaleetti argamnu; Shibbiruu,
nama akkasii of biraa dhabuun dhabuu keenyaaf gadda guddaa nutti
dhagahama: maatii isaa, oboleeyyan isaa, firoottan isaa fi uummata
Oromoo maraaf jajjabina isiniif haa kennu jechaa, bilisummaa ummata
keenyaaf hawwinaa.
Seenaa Jeneraal Taaddasaa BirruuTaaddeeGootichi beekamaan ilma
Oromoo onneen isaa waaee saba isaaf dhiigdu kun kan dhalatee
guddate Godina shawaa kaabaa nannoo salalee aanaa Hidhaabuu Abootee
iddoo addaa Siree Morose jedhamutti dhalatee akka guddateseenaan
tarree gootota Oromoo keessatti barreefame hedduun ragaa
baha.J/Taddasaa Birruu akkuma ijoollee naannoo isaa biro
ijoollumaan loon tiksaarra darbee umriin isaa yoo barnootaaf gahu
mana barumsaa amantaa ortodoksiitti afaan giizitiin barumsa amantaa
hodofuudhaan afaan giiizii bareessuu fi dubbisuun kan yeroo itti
hin fudhanne ture.Haa tau malee daaimni kun abbaan isaa quuqama
sabaa waan qabuuf yeroo lola Xaaliyaani irratti duulee dirree
waranaa irratti wareegamee ture. yeroo kana duuti abbaa isaa baayee
isa gaddisiisee osoo jiruu Haati isaas rifaatuu abbaa manaa
isherraan kan kae abbaan manaa ishee duee guyyaa
saddetammaanitti(80) lubbuun isheellee darbuu dandaeera.Qormaanni
jireenya walirratti leenca kana qunnamte akka inni barnoota isaa
addaan kutuuf itti lallabde.Kana booda dargaggeessi jaalala
maatiisaa dhandhamee hin quufne kun karaa abbaa isaa qabachuun
Xaaliyaani irratti duuluuf bosona akka gale dirree seenaa gootota
oromoo keessatti barreefameera. Yeroo kanatti Essumni(obboleessi
haadha isaa) Baraanbaraas Beekaa jedhamu waliin kutachuudhaan
loltoota mataa ofii ummatanii biyya isanii faashistoota irraa
buusuuf gara hallayyaa Calanqootti kutaan.Xaaliyaanoonni meeshaa
waranaa Ammayaa fi loltoota saanyinsii quufaan qabattee waan
hirirteef falmiin ture caalmaa warra xaliiyaaniif
dhundhumtee,waraana saaa 24 taasifameen J/Taddasaanfaa naannoo
hoolqa Fincii jedhamtee waammamtuutti marfamanii
harkalaataan.sanaboodaas akka qabamanii Hidhamtoota baayee waliin
Gara Moqaadishootti ergamanii achitti J/Taddasaa Birruu hidhaan
umrii guutuu akka itti murteefamu taasifameeture.Egaaumrii sanatti
dararamuun faashistootaani abdii kan kutachiise osoo hin
taane,caalatti jabina kenneefi seenaa Ummanni oromoo hara akka
warqeef meetiitti laalu kana dalaguu dandaeera.Akkuma J/Taddasaan
mana hidhaa fashiistootatti rakkoon hedduun isa dararteen Biyyi
sumaaliyaa harka Xaaliyaanootaati baatee kolonii Ingilizitti kufte.
Taiin kun immoo B/J Taddasaa Birruu fi namoota isa fakkataniif
carraa cimaa taeeummame.egaahidhaan umri guutuu ture suniis carraa
kanaa fashalaaera. Haaluma kanaan gootichi kun dandeettii cimaa
qabachuun isaa erga beekamee gara loltoota ingiliziitti makamuu
dandae. yeroon kun baayee sukanneessa tauu isaa dubbistoonni koo
akka hin daganne hubachiisuun fedha!! yeroo gurraachummaan akka
namatti hin lakkaamne fi qooddaan sanyi fi amantii itti daraaredha.
kana keessatti garuu kormi kun gaumsa olaanadhaan warruma adii
waliin sochoaa turuunsaa ni yaadatama.Kan namatti tolu, fedhii fi
jaalala biyya isaatiif qaburraa kan kae loltoota san keessaa gara
raayyaa polisii humna dafee qaqqabaatti jijjirame biyya isaatti
deebie.
Sanan boodaas hogganummaadhaan iddoo hedduu hojjechuu isaa ragaleen
funannamaan lafa kaau.Yaa dubbistoota barruu kanaa! amma kan nurraa
egamu maal akka tae secoondii muraasaaf akka of gaafattaan isin
dirqamsiisuun barbaada!Seenaa Qabsoo fi Seenaa mana hidhaaQabsoo
ummata Oromoo yeroo sanii waliin wal qabatee Waldaan Wal gargaarsa
Maccaaf Tuulamaa akka hangafaatti laallamuu isaa eenyuma jalaa waan
dhokatu miti.waldaan kun yeroof maqaa wal gargaarsaatiin ejjennoo
haa jalqabu malee, yeroon booda sirna qabsoo oromoorratti
xiyyeefanno isaa cimsachaa deemee ture.B/J Taddasaa Birruu fi
Waldaan kun seena yoomuu himamee hin dhumne waliin akka qaban
lammiin oromoo seenaa isaa beeku kamuu dhugummaa isaa himuu ni
dandaa.Mee B/J Taddasaa Birruu akkamitti gara waldaa kanaatti
dhufaan laata? Waldaan Wal gargaarsa Maccaaf Tuulamaa Yeroo sanatti
sanyiin oromoo taanii qondaaltoota sirna mootummaa H/Sillaasee
iddoo garagaraa hojjetaniif gaaffii miseensummaa dhiyeessaniif
keessaa B/J Taddasaa Birruun nama tokko ture.jalqabarratti akkuma
loltoota Ingilizii keessa jijjiramee dhufeen sirni mootummichaa
dhugumaan ummata oromoof waan dhaabbate itti fakkate, yoon miseensa
waldaa kanaa tae ilaalchi qooddaa sabaa ummamuu dandaa, jechuudhaan
shakkee akka dide ni dubbatama.kanuma gidduutti mummicha ministeera
yeroo sanii kan turaan Akiliil Hatewald namni jedhamu tokko Galgala
wayii B/J Taddasaa Birruu Irbaataaf mana isaatti afferee osoo
taphachaa jiraani waan tokko akeekkachiisee ture.B/J Taddasaa
Birruu koree duula qubee waan tureef akka ummanni oromoo baratee
doofummaa keessaa bahuuf tattafii inni gochaa ture daraan cimaa
waan taeef Muummicha kana sodaachisuun hin hafne.Jeneralli kun
oromoo tauusaas waan hin shakkineef akkas jedheeni tureTaddasaa ati
erga duula qubee kana eegaltee baradhaa! Baradhaa!jechuu baayistee
jirta.baradhaa jechuun gaariidha garuu eeyyu barsiisuu akka qabnu
adda baastee beekuuqabda.nutiyoo xiqqaatee,xiqqaate oromoo jaarraa
tokko gara boodaatti hambisnee bitaa jirra.ummata kana nan barsiisa
yoo jette galaana nurra garagalujechuudhaan soda ummata oromoorraa
qabaanibsaanif.kunimmoo B/J Taddasaa Birruun Gadoodhaa akka Waldaa
Maccaaf Tuulamaatti dabalamuuf karaa balaabane.sanabooda
miseensummaaf laphee guutuun edda eeyyamamanii akkas jechuun dhugaa
jiru bahanii turaan jecha muummichi ministeera sun jedhaniin
eeruudhaanwuskiin fuuldura kootti buufamee jiru dhiiga natti
fakkate. gonkumaa miira koo toachuu waan hin dandeenyeef,wuskiin
naaf buufamemoo?ani bar qorichaan fudhachaa jiraam kanaafuu hin hin
dhugu jechuudhaan dhiiseen bahejedhanii akka turaan ni
yaadatama!A.L.A bara 1966 keessa waldichi akkuma tasaa gara sochii
siyaasa olaanaatti ceeuusaatiin miseensota lakkoofsaan hedduu taaan
horachuudanda.eera.jijjiramnidhufe kunis buuurrisaa haasawa
dadamaqiinsaa B/J Taddasaa Birruu taasisanidha.haasofni
Jeneraalichaa waaee Muummichi ministeeraa ,angawoota mootummaa kan
turaan,loltoota sadarkaa olaanaa gahanii fi oromoota gara
dhaabbilee barnoota olaanoo galaan lakkoofsi isaanii akka hiratu
kan jedhu bakka Jeneraalli kun jirutti wal gahii gaggeefarratti
ibsamuu isaas eeranii turaan.Yeroon booda Shira Angawoonni olaanoon
mootummaa H/sillaasee qopheessaniin B/J Taddasaa Birruu fi
A/dhibbaa maammoo mazamir,namoota lakkoofsaan 7 taaan waliin gara
mana hidhaa Alem Baqqanyitti darbataman.
Akka Jarri xaxanitti yakki B/J Taddasaa Birruu fi jaallaan hafan
ittiin himatamaan Heera mootumaa diiguudhaan tokkumaa ummata
Itoophaa yeroo dheeraa cimee ture kan fashaleessu holola sobaa
oofuudhaan ummata jeequmsaaf kakaastaankan jedhudha.
Galmeen himatamtoota lakkoofsaan sagal taaan kun kan armaan
gadiiti:
1,Himatamaa 1ffaan B/J Taddasaa Birruu
2,Himatamaa 2ffaan A/dhibbaa Maammoo mazamir
3,Himatamaa 3ffaan Obbo Seefaa Tasammaa
4,Himatamaa 4ffaan Obbo Daadhii Fayisaa
5,Himatamaa 5ffaan Loltuu Lammeessaa Boruu
6,Himatamaa 6ffaan Q/M Mokonin Wasanuu
7,Himatamaa 7ffaan Obbo H/Maariyaam Gammadaa
8,Himatamaa 8ffaan Konoleel Alamuu Qixxeessaa
9,Himatamaa 9ffaan B/J Daawit Abdii.turaanHimanni tokkon tokkoo
isaanirratti dhiyaate mata dureen isaa kan gubbaatti Eerame haa tau
malee qabiyyee gara garaa of keessaa qaba
Keessa mee kan B/J Taddasaa Birruu Akkas jedha:Bakka wal gahii
hundatti uummata mootummaarratti meeshaa waraanaa qabatanii akka
kakaaan yoo dubbatu kanneen hafaan immoo ajajaa fi yaada isaa
irratti walii galuu isaaniti jedhame.akkasumas A/dhibbaa Maammoo
Mazamir Sinimaa Ampeyer keessatti Boombii Gad-dhiisuudhaan namoota
hedduu madeessiteetta kan jedhullee garee himata isaaniti
Ragaan seeraa isaan lafa godhataan illee hojiin isaani poolisii
akka turaan seenaan dhugaa baha. Kun immoo guutummaa guututti waan
sobaan itti yaadamee qabsoo ummata oromoo kichuutti quucarsuuf
karoorfame tauusaa hubachuun ni dandaama.Himata B/J Taddasaa Birruu
fi jaallaan hafaan irratti qindaaeef Jeneraalli kun callisanii hin
teenye
Mee deebii isaan laataan keessaa muraasa yaa ilaallu
*Bilisummaa ummata tokko wantootni guutuu akka tau godhaan baayee
taaan illee, qabxii gudhaan garuu seera baheen murtii madaallamaa
wal qixa fayyadamuudha. Carraa koo haa tauu,yookaan waanaan
sanyiidhaan adda taeef taee hinbarre.durItoophaanonni kanneen biro
hanga haraatti seeraan ajaja Girmaawii mootii mootichaan kennamutti
fayyadamaa turaan anaaf waan kun hin fayyannee himatamuu fi
hidhamuun koo na gaddisisuu irra darbee Warreen ana fakkataanillee
abdi kan kutachiisudha*Heera mootummaa keeyyata 3(a)irratti akka
ibsutti muuduu fi Angoo irraa buusuu kan dandau mootii mootichaa
qofajedha.seeraadabbiilakk.126gulantaan kan mulqamu ajaja mana
murtitiin jedhee lafa kaaa.kan koo garuu kanaan ala Aangoo
himattota kiyyaatiin qofa gulantaan koo akka waan narraa
mulqameetti ummata Itoophaatiif gazexaadhaanibsame.kuniskan ibsu
seerri anaaf kan hin hojjenne tauusaati.*Hanga haraatti
qondaaltootni anaan wal fakkatu qabaan Alem baqqanyittihidhamanii
hin beekaan anarra garuu dabni kun
narrattirawwate.Alembaqqanyittaan hidhameeargama.dabakanas
kabajamoo mana murtitti iyyadheen achitti hidhamuun kee sirridha
jedhamee murtiidhaan akkaan jiru ni yaadatama.*Barumsaan kan
duubatti hafaan saba oromoo akka barataan waanaan godheef saba
addaan qoodde jedhamee dhimma buuura hin qabne kaniin ani hin
hojjetiin hara jaarraa 20ffaa keessatti yeroo ummanni Addunyaa
hundi sanyiidhaan,amantiidhaan,gosaan,saalaan osoo wal hin qoodiin
tokkumaa isaanii cimsatanii gara fuulduraatti hoofaa fi hojjechaa
jiraan kanatti anarratti yaadni akkanaa dulloomaan kun qoodinsa
sanyitiin waanin hin hojjenneen na rakkisuun ummata amma baratees
taee,dhaloota dhufu osoo hin gaddisisiin kan hin hafne,miidhaa
isaas kabajamoon mana murtii kan hin daganne tauusaa nan
abdadha.
qabxiilee kanaa fi kanneen kana fakkataan hedduu barreessudhaa gara
mana murtii olaanaa yeroo sanatti iyyachuun isaa ni yaadatama.Manni
murtii Olaanaan kun murtii isaa murteessera. murtiin kunis madaa
ummata oromoo baraa hanga baraatti okkolchiisaa taee hafe.murtichi
akkas ture B/J Taddasaa Birruu fi A/dhibbaa Maammoo Mazamir Duaan
akka adabamaan,kanneen hafaan jahaan ammo hidhaa cimaa waggota gara
garaatiin akka hidhamaan murtae
Murtiin kan Obbo Hayilamaaram Gammadaa sababa dhukkubsatani mana
yaalaa jiraniif bira darbamee yeroon booda akka irratti murteessaan
walii galaan.Akkuma beekamu murtii duaa kan mirkaneessu mooti
H/sillaasee waan tureef kanneen biro akkuma jirutti mirkaneessee
kan B/J Taddasaa Birruu murtii duarraa gara hidhaa umri
guututtifooyyesse.kuniskan tauu dandaeef Jeneraallichi fonqolcha
mootummaa H/Sillaasee irratti mudde 5 bara 1953 aggamame
olaantummaadhaan kan fashaleesse waan taeef,isa akka olmaatti
lakkaeefi jedhama.Murtiin A/dhibbaa Maammoo Mazamir akkuma itti
cimetti itti fufee,walakkaa bara1962 mana hidhaa finfinneetti
argamu Alem baqqany jedhamee waammamu keessatti akka fannifamee duu
taasifamee ture.Gaafa gara duaatti qajeeles kutataan kun akkas
jedhee ture!
Dhiigni koo dhiiga mirga cunqurfamoota ilmaan oromoo kabachiisuuf
dangalae waan taeef dhiiga gatii malee jige miti. Waaniin ani hin
hojjetin hojjette jedhani sobaan murtii duaa kan natti murteessise
mootichaas taee qondaaltootni sirnichaa garuu gatii isaanii yeroo
gababaa keessatti idduma kanatti ummatota Itoophaa harkaa akka
argataan shakkii tokkollee hinqabu.yaaoolu yaa bulu malee mirgi
ummata oromoo dhiiga qabsaaota ilmaan isheetiin guutummaa guututti
kabajamuun isaa waan hin hafnejechuun dubbii isaa dhumaa saba
jaalatuu fi jarreen shira xaxaniif dhaamee gara yoomuu hin deebine
sanitti sokke.B/J Taddasaa Birruu erga murtiin hidhaa umri
guutuutti jijjirameefi gara magalaa Hararitti akka ergamee
hidhamutaasifame.baayeeosoo hin turiin immoo mana hidhaa magalaa
Hararii gara mana hidhaa Galamsoottijijjirame.kunimmoo carraa addaa
Jeneraala kanaa fi ummata oromoof uume.B/J Taddasaa Birruu Hidhamaa
amanamaa waan taeef carraa ummata waliin wal argee qabsoo ummata
oromoo bifa haaraa taeen fininsuu eegalu argate.Haalli gaariin
ummameef tokko immoo ummanni Harargee yeroo sana qabsoo diddaa
gabrummaa finiinsaa waan jiraniif ture.Keessattu gootichi ilmi
oromoo Elemoo Qilxuun bosona carcar galuudhaan lammi isaa harka
alagarra baasuuf tattafi cimaa gochaa yeroo jirudha. B/J Taddasaa
Birruu qunnamtisaa dhoksaan Elemoo Qilxuu waliin gochaa,ummaticha
naannoo sani ammoo akka barataniif gorsaa fi tooftaa isaan barnoota
amaleefatan fayyadamaa turuu isaa Maanguddooni ammallee lubbuun
jiraan raga bahu.Fulbaana 2 bara 1966 sirni H/sillaasee waan kufeef
Dargiin B/J Taddasaa Birruu fi hidhamtootni biroos akka hiikkaman
ajaja dabarse.
Ammallee sirni Dargii ummataaf akka hin taane kan hubate Jeneraalli
kun cunqursaa yeroo dheeraaf ummata oromoorra ture faccisuuf qabsoo
hidhannoo filatee bosonatti galuudhaan sirna Dargii wajjiin wal
falmuu eegale.Gabroofamuun ummata isaa Yoomuu boqonnaa kan
dhoowwate B/J Taddasaa Birruu osoo Bilisummaa Uummata isaatif
falmaa jiruu Bitootessa Guyyaa 9,bara 1967 harka oftultotaatti
kufuun lubbu isaa yeroo dhumaatiif lammi jaalatuu dabarsee
laate!!Taddasaan duuus hojii boonsaan inni qomoo isaaf dalage baraa
hanga barabaraatti laphee Uummata Oromoo keessaa akka lallabdu
shakkii hin qabu!!
Xumureera!! Dogoggorri seenaa akka tasaa yoo jiraate,Abiishee
Garbaa nama baroota 1840moota keessa qondaala Gadaa Bulluq ture,
Garbaa Hurruubaa fi dubartii jabduu fi abshaala daldaltuu turte
Dagattee jedhamtu irraa dhalate. Garbaa Hurruuaa baroota 1850moota
keessa Abbaa Duulaa Gadaa Bulluq tahuun eega waggoota afur ta'uuf
eega tafjaajilee booda du'aan boqote.Battaluma sanatti immoo Horro
weerartoota Goojjamii itti cehaniin weerarame. Yeroo sanatti ennaa
Horro Abbaa Duulaa filachuuf yaa'ii taa'u Abiisheen abbaa isaa
bakka-bu'ee Abbaa Duulaa ta'uuf gaaffii dhiheesse. Dhaalmaan aangoo
Gadaa keessatti kan hin baratamiin waan tureef garii ni
morman.Kaan, kanneen dargaggoota akka isaa turan immoo deggersa
kennaniif. Abiisheen kanneen isa deggeran qabatee sirna Gadaa
cabsuun taayitaa abbaa isaa dhaale, mootii tahuu isaa labsate.
Akkuma aangoo qabateen, weerartoota Goojjamee mormor cehanii itti
dhufan haleelee of irraa deebise. Kun immoo daranuu deggertoota
isaa humna jabeesse. Mootota naannoo Horroo turanis garii humnaan
kaan sossobbiidhaan aangoo isaa jala galfate. Akanatti bara 1855
irraa jalqabee hanga bara 1877tti aangoo isaa bal'ifatee.Abboota
duulaa gara jaatamaa tahanii fi lolee kuma kudha-shanii ol tahan tu
isa jalatti bulaa ture jedhama. Bara 1877 garuu, weerartoota
Goojjamotaan kan ergame nama Qadiidaa Wannabee jedhamuun
gowwoomsamee Tulluu Kokor irratti harka diinota isaa seene. Akka
qotiyyoo harootaan camadamee gara Goojjamitti geessame. Mormaa gadi
awwaalamee, mataa isaatti sogiddi firfiursamee akka horii fi
bineensi nyaatee fixu taasisame jedhama.Hayyuu seenaa, kan kitaaba
"Abiishee Garbaa fi Seenaa Gootota Oromoo Biroo" jedhu barreessuun
maxxansiisan, Obbo Ginbaar Nagaraa waliin gaaffii fi deebii
geggeessine guutummaa isaa MP3 tuquun dhaggeeffadhaa.Koloneel
Alamuu Qixxeessaa(1907-2001) Alamuu QixxeessaaKoloneel Alamuu
Qixxeessaa dargaggummaa isaanii irraa eegalee, hanga gaafa adeemsa
isaanii fixanitti (09/11/2001) Umani Oromoo gabrummaa Habashotaa
jalaa baee abbaa biyya isaa akka tau, murannoodhan hojjataa akka
turan dhaloonni ammaa kun ragadha. Kabajamaa Koloneel Alamuu
Qixxeessaa, abbaa isaanii obbo Qiixxeessaa Yaadate fi haadha
isaanii addee Haayyuu Roobii irraa Bitooteessa 5, bara 1907
Walitaajjii Oromiyaa anaa Jalduu ganda Goojjoo keessatti dhalatan.
Koloneel Alamuun Qixxeessaa bakki isaan itti dhalatanii guddatan,
magalaa Jalduu fi nannoo biroo manni baruumsa hammayyaa, waan hin
jirreef mana barnoota Qeesii seenanii barataniiru. Abban isaanii
obbo Qixxeessaa yaadatee, ilmi isanii akka isanii baratu, waan
barbadaniif, gara Finfinnetti eerganii akka raayyaa warana biyyitti
keessatti qaxaramu godhan. Koloneel Alamuun yeroo sanatti raayyaa
waranaa Kubuur Zabanyaa jedhamee beekamu keessatti qaxaramanii
hojjataa osoo jranii gama tokoon ammoo barnoota ammayyaa fi afaan
Faaransaayii barachuu eegalan.Mootummaa sirna goonfoo keessatti
qaxaramanii osoo hn bubbuliin maqaa ajajaa 50 gonfotanii osoo
jiranii, gara warana Maaicaaw akka duulan godhaman.Warana Maaicaaw
kan Xaalyaanii waliin godhame kana irratti, Koloneel Alamuun luka
isaanii, rukutamanii gara biyya dhaloota isannii gara Jalduutti
galan. Jalduutti galanii maatii isaanii waliin osoo jirataa
jiranii, biyyittiin Warana Xaalyanitiin weeraramitte.Koloneel
Alamuun jaginummaa fi gotummaa umaman qabaniin warana Xaalyanii,
isa hanga funyanitti hiidhatee jirun, diinni adii fi gurracha
hinqabu? jechudhan warana Xaalyaanii qabsoo hiidhannotiin falmuutti
qajeelan. Lolaa osoo jiranii bara sana dhiibee qorchii, hin
argaminneef kan ummata hedduu fiixaa ture dhiibee Taasiboo jedhamee
beekamun qabaman.Koloneel Alamuun dhiibee kan irraa akka caarraa
taee irraa fayyan illee, abban isaanii obbo Qiixxeessaa yadatee fi
haatii isanii addee Haayyuu Roobii dhiibee kana irraa fayyuu hin
dandeenye. Lameen isaani iyyuu guyyaa tokkotti ijoollee isaanii
koophatti dhiisanii adunyaa kana irraa darban. Guyyaa tokkotti
haadha fi abbaa isaanii kan dhaban, Koloneel Alamuu irratti gaddi,
dachaa dhachadhaan irratti feame. Obbolewwaniif maatii isaanii
hunda jirachisun dirqii itti tae. Haala kanan maatii jirachiisaa
osoo jiranii gotoota Jalduu kan Xaalyaniin lolaa jiran waliin
walitti dabalamanii lolaa osoo jiranii harka warana Xaalyanitti
kufan.Waranni Xaalyaanii, Koloneel Alamuu Qixxeessaa irratti
murittii duaa murteesse. Koloneel Alamuun guyyaa ajjeeefamuu isanii
osoo eeggachaa jiranii, Xaalyaniin gama tokkoon Jalduu keessatti
Warana Xaalyanii barbadeessaa kan turan, gotoota Oromoo kan
Dirribsaa Faayyisaa Nagarootiin hoggnamuun akka harka isaanii
keennatan kadhachaa waan turaniif, gonni Oromoo Dirribsaa Faayyisaa
Xalyanidhaan nama kiyya qabiddanii kana isiin harka jiru, Alamuu
Qixxeessaa gadi-lakkifiittan malee harka kiyya hin keennu!
jedhe.Xaalyaniin Gotoota Oromoo Dirribsaa Faayyisaatiin hogganaman
of harkatti galfachuuf jecha, Alamuu Qixxeessaa kan duuti itti
murtawe, mana hiidhaa isanii keessaa basanii gadi dhiisan.Koloneel
Alamuun akkuma mana hiidhatii hikkamaniin, gara birootti osoo hin
goriin Warana Diribissaa Fayyisaatiin hogganamutti dabalama. Gonni
Oromoo Dirribsaa Faayyisaa Alamuu Qixxeessaa eerga mana hidhatii
hiiksifateen booda, gootota bara sana nannoo Jalduutti argaman, kan
akka Xanqeessaa Keelloo, Mieessaa Jombaa, Niigissaa Faajjii,
Diinqaa Urgoo fi kanneen biroo waliin warana Mosoloonii kan Jalduu
keessa Qubatee jiru irratti lola banudhan hanga dhumatti lolaa
turaniiru.Tafarii Mokonnoon (H/ Silaseen) akkuma Xaalyaniin biyya
waggaa 5f qabattee turte gadi dhifiteen biyya itti baqate irraa
gara angoo isaatti deebie. Gotonni Oromoo waggaa 5n guutuu kan
Xaalyaniin falmaa turan kan akka Kabbaddaa Buzunaash fa Angootti
deebiuu H/ Silasee mormaa akka turan keessa beekitonni ni
dubatu.Koloneel Alamuun akkuma Mootummaan Sirnni gonfoo dhabbateen
mana barnoota akkadamii warana Hoolotaa seenaanii barataniiru. Bara
1944 gara kaaba Ithiopiyaa Ambalagee bakka jedhamutti akka duulan
ajajamanii rasaasan rukutamaniiru. Koloneel Alamuun mana Barnoota
akkadamii warana Hoolotattii barsiisaa taani waggoota lamaa oliif
hojjataniiru. Koloneel Alamuun Bulichiinsa Mootummaa H/ Silasee
keessatti sadarkaa gadii irraa egalee hanga Sadarkaa oliitti
hojjataniiru. Hojii isanii kana keessatti, Mootumman sirnna
gita-bitoota Habashootaa ilaalichi Oromoo fi lammii Oromotii qaban
akka garitti hubataniiru. Koloneel Alamuun Oromoo tauu isaanii
irraa kan kaeen, bulchiinsa mana warana biyyitti keessatti isaanifi
Oromoota raayyaa ittisa biyyitti keessa jiran irratti, kan
rawwatamaa ture haala qabatamadhan argaa turaniiru.
Qabsoon Ummani Oromoo bilisummaa isaaf godhu kanaaf daandii kan
saaqae, hundeeffama Maaccaa fi Tulamaa akka tae hubatamadha.
Maaccaa fi Tuulamni Mootummaa sirna naafixanyootatiin gaggeefamu
keessatti, ummata Oromoo magalaa fi baddiyyaa Oromiyaa keessatti
Waroon saliphiinaa irratti diririfamee jiru jalaa basuuf,
Wareeggama barbachiisu mara kaffalanii dhaloota harraa kana biran
gaahaniiru.Rakkoo Ummani Oromoo qabu, amma tokko irraa saliphisuuf,
misooma maqaa godhatee kan dhabbate kan keessatti, Koloneel Alamuun
caalqaba irraa eegalalnii hanga gaafa adduyaa kana irraa
darbanitti, gaafa tokkollee dadhabe osoo hin jedhiin Presedaantii
Waldaa kanaa taanii halkani fi guyyaa hojjataa akka turan seenaan
raggadha.Koloneel Alamuun, Barreessaa Waldaa kanaa kan turan H/
Mariaam Gammadaa waliin taudhaan Oromoni bebeekkamoo taan akka
waldaa kana keessatti miseensaa taan halaan irratti hojjataniiru.
Isaan keessaa Jeeneeraal Abbabaa Gammadaa Jeneraal Tolaa Badhadhee
Jeeneeraal Jagamaa keelloo Dajazimaach Danieel Abbabaa (ilma Raas
Abbabaa Haaragayi) Kabbadaa Buzunaash fi kan biroo miseensa gochuun
yeroo itti hin fudhanne.Akkeekinni Waldaa Maaccaa fi Tulamaa
Beekumsaa fi qabeenya qaban wareeganii Ummata Oromoo duukkana
keessa jira kana keessaa, gara ifaatti baasuu waan taeef, kan lafa
qabu lafa isaa kennee, akka manni baruumsaa irratti banamu waan
walii galameef caalqaba duraatiif gochaan kun Koloneel Alamuu
Qixeesatiin hojii irra ooleera.Mana Barumsaa Jalduutti
BanuuKoloneel Alamuun bakka dhaloota isanii nannoo Jalduu, manni
barumsaa tokkollee waan hin jirreef ijoolleen anaa Jalduu akka
barnoota ammayyaa barattee ija banattu lafa magalaa Jalduu qaban
irraa kaare meteera 10,000 ol eebbisaanii ummata Jalduuf keennudhan
manni barumsaa kutaa 1-6 tti bananiiru. Haluma kanan, Kabbadaa
Buzunash Misooma aadaaa bargaa fi goroo Makootii kaare meetra
20,000 yokeennan miseensonnii fi hogganoon Waldaa Maaccaa fi
Tulamaa duursanii qabeenya fi huminna isanii waakki tokko malee
wareeganiiru.Waldan Maaccaaf Tulamaa hogganummaa Koloneel Alamuu
Qixxeessaa jalatti, yeroo gababaa keessatti ummata Oromoo yoo
gaammachiisu, H/ Silasee fi kanneen isaan marsanii jiran mara
,yaddoo keessa isaan galicheera. Waldan Maaccaa fi Tulamaa
Xiyyeeffannan isaa inni guddaan, Ummata Oromoo barisiisuu irratti
waan taeef ummani Oromoo ammoo, yoo of bare, akka isaan harkaa bau,
waan beekaniif adeemsa Waldaa kanaa gababiisuu akka qaban
murteefataniiru.Keessattuu Waldan kun of keeessatti hammatee kan
qabu (Hoggantoota Waranaa, hojjatoota Motummaa, baratoota fi Qotee
bulaa Oromoo akkasums kan akka Saba Oromoo cunquursaa habashootaa
jala jiran Sidamaa, Walaitaa ) waliin tauun hedduu isaan
yaddeeseera.Koloneel Alamuu Qiixxeessaa H/ Silasee biratti ija
hamadhan ilalaamaa turaniiru. Sababiin isaas yeroo Oromooni Raayyaa
of irratti lolataa turan Waranni meeshaa ammayaa hidhate, itti
duuluu hin qabu! kun biyyaa keessaa waan taeef kan biyyaa keessaa
Poolisii tauu qaba waan jedhaniif, Mootummaa H/ Silasee biratti
waamamanii diniin cimaam eerga keennameefiin booda, guddiin karaa
seera mana waranatiin keennamuu malu hunda, hanga Waggaa 5 tti akka
hin kennaminneef godhamanii, bakka duraan ramadamanii hojjataa
turaan irraa gara biratti akka jijiraman godhamaniiru. Gara biroon
ammoo haala Waldaa Maaccaa fi Tulamaatin wal qabateen H/ Silaseen
hogganoota Waldaa kanaa Jeneeral Taddasaa Birruu fi Jaarsolii
beebekamoo Arsii waliin H/ Silasee irra, yeroo dhiyatan Koloneel
Alamuu Qiixxeessaa sodaa tokko malee H/ Silaseedham ati maa
Oromummaan nu yakkitaa? ati Oromoo miti? yeroo jedhaniin, H/
Silaseen isa eenyutu nutti himi? siin jedhe jedheen jedhama.Ajajaa
Dhibbaa Abarraa Alamuu (Ilma isanii isa hangafa)Ajajaa dhibbaa
Abarraa Alamuu ilma Koloneel Alamuu Qixxeesa isa durati. Abarraan
ajajaa dhibbaa taee Asmaratti ramadamee hojjataa osoo jiru, akka
caarraa ta ee bara lola Jeeneeraal Mangistuu Niwaay, Finfinnee
yeroo dhufu, lola kan afaan bue. Abarraan lola kana irratti gara
Mootummaa H/ Silasee goree lolaa osoo jiruu warana Garmamee fatiin
ajjeefame.Koloneel Alamuun ilmi isanii lola isaa hin mallee, kana
irratti duuu isaa bayyee akka gaddan keessa bekitoonni ni dubatu.
Dhimma Waldaa Maccaatiin yakkamanii yeroo Kaabinoota H/ Silasee
irra dhiyatan, lola irratti yeroo lama rukutamanii waan turaniif
luuka koo yeroo lama isiniif keennera! Ilma koo Abbarraa isiniif
kenneera akka lammii Oromoottii ijaaraminnee biyya keenya
keeessatti misooma, guddisuun maaf yakka isiin biratti tae? jechun
gaaffii deebii hin argannee hoggantoota Mootummaa H/ Silasee tii
dhiyeesaniiru. Ilmi isaani Abbarraan Mootummaa isaanitiif duuu isaa
hedduu akka gaddaan keessa bekitonni ni dubbatu. Hatauu garuu
Hogganummaa isanitiin kan dhalate waldan kun, akka dhabamee badu,
kaabinoota H/ Silaseetiin hoggantoonno waldaa kanaa, soban yakkanii
adabbiin adda addaa yeroo irratti murtawu, Koloneel Alamuu irratti
murtiin adda addaa sadii (3) irratti muraweera Hiidhaa ciimaa
waggaa 10 Maqaan isaanii Koloneelummaan akka irraa muliqamu.Yeroo
mana hiidhatii hiikkaman mirgi eenyummaa akka waggoota shaniif
irraa mulqamu, kan jedhu itti raggasifame. Koloneel Alamuun akka
Ummani Oromoo isaan arguu ykn gafachuu hin dandeenyeef faggeessanii
Gondoor magalaa Dabira-taboritti akka hidhaman godhaman. Yeroo
Mootummaa H/ Silasee kaabinoota isaa waliin wal qabatee gara awwala
isati qajeelu, hoggantooni waldaa kanaa hundu mana hiidhati
hikamaniiru.Erga mana hiidhatii hikkamanis Ummani Oromoo akka
blisummaa isaa gonfatee abba biyyaa isaa tau, bakkoota adda addatti
analewwan fi kutalewwan Oromiyaa keessa nanawanii keessattuu bara
1991/1992 barsiisaa turaniiru. Ibsa isaan, waajiraa ABO yeroo
sanaa, Gullallee jiru dabalatee isaan keennaa turan, Mootummaa
wayyanee biratti isaan balaleefachiisu illee, sodaa tokko malee
ummata kanaaf of keennanii hojjataa turaniiru.Bara 1992 keessa,
matan wayyanee Mallas Zenaawii bakka jirutti, wamamanii osoo
waligaii irra jiranii bakka buaa OPDO yeroo sanaa kan ture, Kumaa
Dammaqqisaa Ummata Oromoo kan diigu, kan akka keessanii kana yeroo
jedhaniin Sodaa kan hin beekinne Alamuu Qiixxeessaa, Yeroon ani
mirga Oromooti falmuu calqabu ati hudduu kee hinxaraganne! Jedhanii
waligaii sana irratti kumaa saliphiisanii akka gadi teesisaan,
namoonno walgaii sana irratti argaman kan dubataniidha. Koloneel
Alamuu bara jireenya isanii yeroo hedduu mana isanii dhaqee waliin
dubbachuu caarraa argadheera. Abbaa kiyya waliin nannoo tokkotti
waan waliin guddataniif walitti dhufeenya qabu. Akkuma ABOn
Mootummaa Ceuumsa keessaa baeen ijoollee Oromoo rakkoon irra gaee
hunda gargaraa turan. Anaafis gargarsa nagodhaniiru. Yeroo sana
waan lama isani irraa dhagaeera.1. Oromon tokko tau malee, mirga
isaa argachuu akka hin dandeenye, dhaabbilleewwan Oromoo blisummaa
Oromootiif falman akka tokkoo taan irratti hedduu dhamaaniiru.
Bakka deeman hundatti, Oromoon osoo lagaafi Amanitidhan
wal-hinqodiin harka walqabatee kau malee, rakkoo amma jiru keessaa
bauu akk hin dndeenye hubachiisaa akka turan bara jireenya isanii
dubbii isaan godhaa turan Videoo ilaluun gaadha.Bara 1994 dhabbilee
blisummaa Oromoof qabsaan lameen walitti fiduuf hedduu akka yalaa
turan afaan isaanii irraa dhagaeera. Keeniyaa Nairobii keessattii
ABO fi IFLO walitti fiduuf beellama qabatanii yeroo isaan Oromiyaa
irraa Naa iroobitti argaman, Gara ABO tiin Galaasaa Diilboo yeroo
argaman, karaa IFLO amoo bakka buan Jaarraa argamaniiru. Hayya
dureen ABO yeroo sanaa Galasaa Diilboo eerga Jaarraan hin
argaminne, anis bakka buaa waliin hin dubadhu! jedhanii akka
dhiisan na hubachisaniiru.2. Waee Qabsoo Balee ti. waeen Qabsoo
Balee yeroo kau namonni hedduun osoo hin beekiin ykn osoo beekanii,
Qabsoo sana kan dhaamse J/ Jaagamaa Keelloo akka taeetti himu.
Jaagamaa Keelloo Qabsoo diddaa garbummaa Balee akka hin dhamisine
irraa hubadheera.Koloneel Alamuu irraa jecha arman gadii kana
dhagaheera bara sna waggoota 8 oliif Mootummaa H/ Silaseen lolaa
kan turan gotoota Baleetti, warani biyyittin qabiddu, dubaaf
funduraan akka itti dulamu ajajinni H/ Silasee irraa darbee ture.
Jaagamaan ajajaa warana waligalaa waan taeef, waan deemaa jiru waan
beekuuf nu biira dhufee, Jaroonni kun barana dhumun isaanii akka
hin ollee nu mirkanneesse. Duubafii funduraan akka marfaman
godhameera. dhumuu irra, gara duraas ummani Oromoo kai! yoo jedhan
kauu waan dandauuf harkan keenisiisa nuun jedhe. nutis dhumuu
isaani irra harka keennachuu isanii filanne. J/ Jaagamaan ammoo H/
Silaseetti dubbatee Qabsaaa Oromoo Waqoo Gutuu maqaa waliin nagan
osoo naminni tokko isaan hin tuqiin harka isaa kennatan.Namonni
bayyeen osoo keessa hin bekiin akka J/ Jaagamaa Keelloo dhamiseetti
ibsu. Seenaa Motummoota habashotaa darbanii yoo ilaallee, Oromoota
finciila isaan irratti godhan sosobanii ykn kakatanii eerga harka
keennachisaniin booda dhabamisiisaa akka turan seenaan
ragadha.Goota oromoo Habishee Garbbaa Meeshaa waranaa Ciibsaanii,
kakatanii waadaa galanii eerga harka keennachisaniin booda, kakuu
isaanii akka Biishanii dhuganii Abishee mana hiidhaa isanii
keessaatti ajjesaniiru.Gotoota Oromoo Dawwee kan Hasan Ameetiin
hogganamu, akkuma sana, hoomitu isiin hin tuqu! jedhanii nagaan
gara Qeee isanitti eerga deebianiin booda, qabanii hunda isanii
faniisaniiru. Seenaa Qabsaoota Oromoo keessatti habashootatti harka
kennatanii kan irraa damdamatan yoo jirate Qabsaoota Baleeti yoo
jedhame dhugaa irraa fagachuu miti.Jaagamaa Keelloo qabsaoota
Baalee harka kennisisaanii rakkoon tokko osoo isaan hin qunaminni,
ykn irra hingayiin akka nagaan jiratan godhaniiru. yeroo ammaa
Qabsoo Balee kan dhaamse Jaagamaa Keellooti, jechi jedhu sirrii
akka hin taane hubataumuu qaba.Waajjiira ABO JalduuBara 1991/1992
yeroo ABOn Mootummaa Ceuumsa Ithiopiya keessa jiru, waajironni ABO
bakka adda addatti yeroo banaman, hoggantonni ABO fi Koloneel
Alamuu bakka hedduu demanii ummata isaniif ibsa keennaa turaniiru.
Baatii Onkoloolessa braa 1991 waajjirrii ABO Yeroo Jalduutti
banamu, Koloneel Alamuu fi namoni beebekamoon ABO fi bakkoota biroo
irraa argamaniiru. Waligaii kana nama qindeesse keessaa nama tokko
waanan taeef Ummani Anaa Jalduu, Ginddabaratii fi Meettaa Roobii
hedduminan akka argaman irratti hojjatameera.Guyyaa seenaa qabeessa
kana irratti kan argamanKloneel Alamuu Qiixxeessaa,Obboo Damisee
Kabbadaa (ABO) ,Girmaa W/ Giyoorgis Sooddoo Jiddaa bakka budhan
(Preezadantii),J/ Jaagamaa Keelloo fi kan birooti. Jaagamaa Keelloo
bara Xaalyaanii nannoo sanatti lolaa waan turaniif Ummata anaa
Jalduu biratti maqaa guddaa qabu. Ummani Jalduu, Alamuu Qixxeessa
fi Jaagamaa Keelloo maqadhan malee, arganii waan hin beekinneef
isaan argudhaaf Oromoni dhufan heddudha.Bakki walgaiin kun itti
Qoophawe mana baruumsa Jalduu keessatti yoo tau, mana baruumsaa
kana yeroo Waldaa-Walgargaarsa Maaccaaf Tulamaa hundeessan, calqaba
duraatiif, lafa qaban keennanii kan Ummata Jalduuf ijaarsiisanii,
Oromoota nannoo biroof fakkii goddaa kan taaniidha.Hogganuma
Koloneel Alamuutiin. dabaree dabareedhan haala yeroo irratti Obbo
Damasee Kabbadaa fi bakka buaan Oromoota Sooddoo jiiddaa Girmaa W/
Giyorgis erga dubbataniin booda, Jeneeral Jaagamaa Keelloo akka
dubatan caarran kennameef. Jaagamaa Keelloo yeroo gara
waalittajjitti ol baan, Ummani anaa Jalduu, kabajaa isaniif jecha,
lafaa ol kaanii harka rukutuun isaan simatan. Jeeneeraal Jaagamaan
Ummata Jalduu irraa kabajaa guddaa argatan.Jeeneeraal Jaagamaan
akkuma dubbii calqabaniin kabajaa Ummata fi Dargaggoota Jalduu
irraa argatan mulqaman. Umani Jalduu Osoo Jeeneeraal Jaagaman
dubbatanii hiinfiixiin, waalitajjii gadi dhiisanii akka buan
godhaman. J/ Jaagamaan Dargaggoo Jaalduu kan Hawwiin Blisummaa
onnee keessaa dhikkisu funduura dhabbatanii Ani kalleessas haarras
Ithiophiyaan tokkuman jedha yeroo jedhan saliphiinaan waaltajjii
irraa gadi buan. Ani bakka isaniin qanawe. Damisee Kabbadaa fi
Koloneel Alamuun dubbii gochudhan dargagoota Jalduu dubbii
Jaagamatti aaran akka qabbanseessuu godhan.Seenaan Koloneel Alamuu
Qixxeeessaa buaa isaan Ummata Oromoof buusan gadi fageenyaan
Qormani irratti godhamee kan barreefame miti. Seenaa isanii
ammumaan beeku fi ammuman dhagae irran waan xinnoo barreessu yaale.
Gara funduuraa barreesitioonni seenaa, Qabsoo ummata Oromoo
keessatti Qooda addaa kan qaban, Koloneel Alamuu Qiixxeessaa fi
gotoota biroo gadi fageenyaan seenaa isaan guutuu barreesanii akka
ummata Oromoof dhiyeesan abdiin qaba.Jaal Laggasaa WagiiJaal
Laggasaa Wagii umriin isaa barmootaaf yeroo gahu, mana baruumsa
sadaarka tokkoffaa Bakkamee jedhamuuti kutaa 1-4 barate. Barnoota
isaa kutaa 5-8 ammoo mana barumsaa Hinccinniitti barate. Sana booda
gara Finfinneetti deemuun barumsa isaa itti fufuun kutaa 10-11
magaluuma Finfinneeti barate.Jaal Lagaassaa Wagii erga barumsa isaa
haga kutaa 11ti barate booda barnoota akadaamii dhiisee baruumsa
Makaanikummaa fi Konkoolaata oofu bara 1975 keessa barateera.
Oguummaa isaa kananiis hojiilee adda addaa irraatti bobbahuun
hojjaachaa ture. Jaala Laggaasaa Wagii hojii daldala irraatti
bobbahuun magaala Dirree Dhawaa keessaati waggaa torbaaf kan
jiraachaa turan yeroo tahu, hojiidhuuma daldala kanaaf meesha
daldaala adda addaa feachuun gara Dhiha Oromiyaa deemuun daldala
itti fufe.Jaal Laggaasaa W Laggasaa Wagiiagii obbolaa shan kan qabu
yeroo tahu,Waxbajjii 27 bara 1987 haadha mana isaanii Waynisheet
Getahuun fudhe. Hadha Mana isaa kana irraa ijjoollee dubartoota
sadii (3) kana maqaan isaani Bilisummaa Laggasaa, Firehiwet
Laggasaa fi Nestaannet Laggasaa kan jedhamaaniis godhate.Jaal
Laggasa Wagii jaalalaa fi fedhii guddaa ummata isaaf qaba.
Akkasumas hacuccaan ummata isaa irra gahu boqonnaa waan isaan
dhorkeef bara 1990 maatii isaa jaallatu dhiisee Dhiha Oromiyaa
deemun QBO hogganummaa ABOtiin gaggeeffamutti makame. Bara 1991
barumsa siyaasaa fi leenjjii waranuumma, marsaa 18ffaa gahummaan
xumuratee, dirree dhihaatti miseensa ABO tae.Dammaqiinsaa fi
hubaannoo Jaal Lagaasa Wagii qabu irraatti hundaauun dhaaba
keessaatti barumsa dabballummaa bara 1991 bakka Beelmuuguu
jedhamuutti barate. Akka baratee baheen dirqama dabballummaan
zoonii Begitti ramadame. Zoonii kana keessatti dirqama dabballummaa
gahummaan osoo bahaa jiruu mootummaan Dargii kufe. Dhaabni
dandeetii fi gahummaa isaa ilaaluu dhaan ona Qaaqeetti dirqama
bulchiisaatti ramade. Bulchaa ona kanaa yeroo turetti kaayyoo ABO
ummata hifannaa tokko malee barsiisuun fakkii guddaa miseensa tahee
fi ummata biratti jaalala guddaa nama horatee dha.ABO mootummaa
Cehumsaa keessaa akka baheen WBO naannoo jirtuu dabalamuun diina
jabinaan lolee lolchiiseera. Falmaa diinaa wajjin godhamuu haga
walakkeessa bara 1993 itti fufuun of ijaaruuf humna daangaa
Sudaanii fi Itophiyatti bahee waliin ture. Bara 1994 humna
ijaaramee walkeessaa Dhiha Oromiyaatti deebie keessa J. Laggasaa
tokko ture. WBO diinaa wajjin falmaa hadhaawaa itti fufuun bara
1997 keessa oggaa mootummaan Wayyaanee magaalota Sudaan Kurmuk fi
Giizan rukuttee qabattee xurreen dhiheessii akka hin cufamneef
humna of duuba daangaatti deebiee keessa ture Jaal Laggasaan. Bara
1993-1998 tti sadaarka miseensuummaa irra kaase haga sadaarkaa
qondaala waraana ol-anaati dirqaama fudhatee qabsaawaa dhugaan
qabsaaee qabsoo gosiisee dha.Bara 1998 keessa miseensota ABO
leenjii addaaf biyya ollaatti ergaman keessaa ture. Leenjii isaa
xumuratee haga ramadamutti biyya ollaa keessa Oromoota jiran akka
ijaaruuf dirqamni itti kennamee ture. Akka kanatti tattaaffii J.
Laggasaan godheen bara 2000 keessa Oromooti biyya ollaa keessa
jiran walitti qabuun Waldaa Hawaasa Oromoo Eritrea ijaare, QBO
irraa qooda akka fudhatan taassisee jira.Jaala Lagasaa Wagiin bakka
fi haala dirqaamni qabsoon isa feete hunda keessaati qooda olanaa
nama kenna turee fi gahumaadhaan dirqaama itti kenname hunda nama
baha turee dha. Akka kanaati jaal Lagaasa Wagiin bara 1998/99 irraa
kaase itti anaa moona leenjii WBO waliigala tahe hojjaacha turuun
isaa seenaan isaa addeessa. Bara 2000 irraa kaase barumsaa fi
haroomsa waraanummaa, siyasaa fi tikaa erga baraate booda ajajaa
WBO-Zonnii dhiha J/Irreessaa Caalaa jalatti ajajaa bobbaaa fi
quunnamtii Dhiha Oromiyaa tahuun bara 2002 dirqama dhaaba fudhatee
gara dirree dhihaatti moona leenjii waliigala dhaabiicha irraa
bobbae. Sochii seenaa qabeessaa fi mootummaa Woyyaanee raase WBO
bara 2002 baddalee Dhiha Oromiyaa Qeebbe, Dambii Dolloo, Gidamii ,
Begii fi Mandii keessatti tahaa turan irratti akka ajajaa waraanaa
fi siyaasaatti hogganummaa mulataa kennee jira. Erga Ajajaan WBO
Dhiha Oromiyaa J/Irreessaa Caalaa wareegamee boodaa hanga
05/11/2008 wareegametti ajajaa WBO Dhiha Oromiyaa tahuun falmaa
hadhaawaa fi gootummaan guutamee diina waliin tahe hoggana
waraanummaa fi siyaasaa kennaa tureJaal Lagasaan dirqaama sadaarkaa
adda adddaatti irra ture hunda keessaatti, gootummaan, cichoominaa
fi obsaan kan dirqama isa baha ture fi fakkeenya guddaa
miseensoota, qodaalotaa fi hoggantoota ABO, qabsahoota fi
sabboontoota akkasumaas ummata Oromoo hundaaf nama tahe dabree
dha.Jaal Lagasaa Wagii, dirqama dhaabaa fudhatee zoonii dhiha
keessa waan tureef KS-ABO-3ffaa bara 2004 irraa hirmaachuu baatuus
bakka inni hin jirreetti miseensa GS-ABO tahuun kan filaame.
Dirqaama fi itti gaafatamuummaa dachaan itti kenaame kanaas
gahuumaa fi of-kenniinsa haga wareegaama lubbuu isaati kennu goota
qabsoo tahuu isaa mirkaneesse jira.Jaala Lagasaa Wagiin; bishiina
qabu irraa, tooftaa fi mala qabu irraa akkasumaas gootuummaa qabu
irraa ummaata Oromoo hunda birraatti kan baayyee jaallatamu fi
kabajaamu dha. Akkasumaas, jaal Lagasaa Wagiin diina biraatti kan
bayyee sodatamuu fi gootummaa fi abbaa toftaa fi mala tahuun isaa
diinoota keenyaa utuu hin jaallatin kan ragaa bahanii
dha.Mootummaan gita bittuu ilmaan Tigray, TPLF Wayyaaneen, yeroo
adda addaa humna ishii kumatamaan lakkaawamaan, meesha gurguddaa fi
humna qileensaa illee osoo hin hafiin duulaa fi sakataa adda addaa
yeroo itti zoonii dhihaa keessaati banaa turteetti, WBO hogganuun,
hoggaansa cimaa kennuun, lolaa lolchiisaa humna diina dirree lola
irraatti kan qaneessee fi gootummaa WBO kan mirkaneessaa ture jaal
Lagaasaa Wagii fi jaallewwaan isa waliin lola lolchisaa, diina
kufiisa kufa kanneen turanii dha.Mammaksi Oromoo Namni gaafuma
dhalaate due jedha. Gooti marraa tokko duwwaa dua, dabeessii garuu
lamaa fi sanaa oli dua. Ammoo lubbuun dhugaa fi haqaaf jedhame bahu
akkasumaas, lubbuun qabsoo saba ofii fi kabajaa ummata ofiif
jedhaame kafalaamu kan seenaan barabraan yaadatamu dha. Wareegamni,
lubbuu qaalii taate mirga sabaa fi biyya ofiif jedhamee kafalaamu
wareegama akka garaa ulfattuu, kan seenaan yaadataa hafuu dha.
Mirgi saba ofii akka kabajamuu fi abbaan biyyumaa ummata Oromoo
akka mirkanahu taasisuuf waan hunda caalaa gootummaan murteessa
dha. Sadarkaan gootumma inni dhummaas egaa lubbuu ofii mirga sabaa
fi biyya ofiitif jedhamee kaffalamuu dha. Jaal Lagasaaniis,
waregaama qaalii taate kana kennuun kabajamuu mirga saba isaatii fi
abba biyyuummaa Oromoof goota of kenne waan taheef seenaan isaa
hogayyuu barabaraan kan yaadatamuu taha. J/Lagasaan dirqama
sabummaa isaa kana beeae dheebodhe, dadhabe, gaara bahuu, daggala
cabsuu hifadhe osoo hin jenne baddaa fi gammoojjii keessatti
roobaa, qorra aduu osoo hin jenne rakkinoota qabsoo hadhawoo hundaa
kana dandauun waggootii kana hunda kayyoo kabajamaa kanaaf qooda ol
aanaa kennaa turuun ammoo seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti
bakka olaanaa akka qabaatuu isa taasisa. Qabsawota bilisummaaf
fakkii guddaa tahee jira.Dhiigni jaal Lagasaa dhangalae, dhiiga
akkanumaan lafaati dhagalaahe hafe fi hafu osoo hin taane, dhiiga
bilisummaa saba keenyaa dhiheessuu fi umurii diinaa kan gabaabsu
waan taheef Oromoota biratti kabajaa fi fakkii guddaan
ilaalama.Gumaan isaa qabsahoota haqaa, qabsoo bilisummaa saba
isaaniif falmaaniin kan baafamu fi akeekii fi kayyoon Jaal Lagaasaa
Wagiin falmaafii ture galmaan gahuun kan mirkanaawu akka tahu
mamiin tokko illee hin jiruWaaqoo GuutuuWaqoo.0 Waaqoo GuutuuSEENAA
GABAABAA JENERAAL WAAQOO GUUTUUGootichi Oromoo Jeneraal Waaqoo
Guutuu Usuu , Abbaa isaanii Obbo Guutuu Usuu Cammarrii fi haadha
isaanii Aaddee Dhuulloo Alii Hasan irraa bara 1924 Ona madda-
Wolaabuu lafa Oda jedhamutti dhalatan. Abbaan isaanii obbo Guutuun
ilma dhiiraa (10) fi durba (9) wolumaa
galatti ujoollee (19) qaban turan. Isaan keessaa Jeneraal Waaqo
ammoo dubartoota ( 7 ) irraa ujoollee (49) ka horan yoo taan ,
kaniin keesaa (15) lubbuun hin jiran. yeroo ammaa abba dubartii
(16) tii fi dhiira (18) wolumaa galatti abbaa ujoollee (34)
ti.Generaal Waaqo ijoolummaa isaanii irraa jalqabanii armiaayaa,
xiiqii fi jibbansa diinaa qabaniif qofa osoo hintain Diddaa
Gabrummaa tiif faandhooftuu turan.
Bara 1938 ti osoo abbaan isaanii hinbeekin, fuudhanii mana osoo hin
bayin gabayanii horii abbaa isaaniitiif obbolleesa hangafaa
gurguratanii qawwee bitatan.Sammuun isaanii roorroo gabrumaa
fudhataa waan hintainiif ijoollee daraboo/hiriyyoota isaanii
gurmmeessuun akkasumas gorsuuun Foolisii mootummaa tumaa turan.Bara
1943 obbo Muhaammad Gadaa Qaalluu fakkeenna godhachuun Diddaa
Gabrummaatti seenan. Bara 1952 akka nama miskiina tokkoo taanii
uffata Foolisaa nama dhaloota Gosa Raayituu Alii jiloo ka maqaan
kirsitaana Shaalaqaa Isayaasi jedhanii mogaafatan
kadhachuun erga ini keneefii booda, isuma uffachuun magaalaa
seenanii , kitilaayyota Habashaa sodaachisaa turan. Iccitii dhan
gartuulee diinaa irrati tarkaanfii ciccimaa fudhataa turan, bara
1958 Foolisii lama (2) ajjeesan. Baruma kana keessa Foolisoota erga
ajjeesaniin booda, gootichi, akkuma tasaa magaalaa Nageelleetti wol
gargan. yoo kana , E-eesa badee?, Atoo Waaqoo !!! jedhee gaafata.
yoo tana malli qaruutummaa dafee dhufeef. Looniin godaanee
gammoojjii ture, Damma adii ati jaalttu ka nagaafate kaan siif
arge, horii ittiin bitu dhabee fidi jedheen. Shaalaqaan baayee
gamaddee ,xuruu xuruu Qaaqoo koo! jedheeQarshii 200 itti kenna.
garaa keessa itti kolfaa kiisa kaayatanii birraa deemanii yeroo san
rasaasa innaara dachaa lamaatiti guutatee biraa deeme jetdha.Ammas
baatii tokkoon booda Nageelematti futi wolitti jedhanii .
Nagayyumalee utuu hin gaafatin maali si barbaadaa mitii, damma kee
bitee lafa jiraa , horii kraa waan kafalu ittiin feesisuun dhabee
jedheenii Qarshii 20 amalee irraa fudhate tooftaa kana
fakaatu
hedu gargaaramanii diina hifachiisaa turan.Bara 1962 dhiibaan,
gidiraafi ajeechaan mootummaa Habashaa ummata isaanii irratti
hammataa dhufnaaf kkf ijoollee gana (10) gadii imaa Helgool Waaqoo.
Abdallaa guutuu , Alii Jiloo, Yisaaq Suudee Goobana, Muhaamad Butaa
Aagaatiif alii Buttaa Aagaa kkf dhibboota ajjeefaman keessaa haga
tokko yoo taan , tarkaanfii Mootummaa Aabashaa kana hifachuun
ummatin bulchitoota naannooo ka Habashaati iyyate. yeroo kana ,
dubbii kana nugusicha gayee. Finfinnee irraa Koloneel Taaaddasaa
taganiif namin jedhamuuf ajajaa woraanaa kutaa Sidaamoo yeroo sanii
koloneel Zawudee Xilahun gadi dhufanii Ummata Oromoo naanoo
Nageelee Booranaa
jiru mooraa woraantitti wolit qabuun Rakkoon keesan maali jedhanii
gaafatan. yoo tana Ummani woliti qaban hundi rakkoon teena isini:-
Biyya teena irrati dhuftanii nu ajjeessaa jirtan, dubartii fi
daaimman teena irra deemitanii fixaa jirtan, Qabeena keena
saamitanii kaan barbadeesaa jirtan, namoon isin uf jalati qabatanii
nuun ajjeeftaniif nuun saamtan maaliin nuun adda jiran? Nuuf isaan
Obboleeyaanii maaliif adda nu baaftan? kana hundaa isintuu nutti
fidee lafa teena irraa nuu kaaa jedhaniin.Aangawichi mootummaa
kunis yoo dhumaatiif saamicha jalaa bayuu barbaadan lafa tana gadi
dhiisaa gama lafa teesaniit galaa. Lafti tun teesanii mitii isin
kasafitee jirtee lafti teesan Dhaddacha Warraabiif achii gadii
deemaa itti galaa jedheen .yoo kauu didan
duaafi saamichi isin irraa hin hafu amoo huminaanuu hinkaatanii
beekadhaajedheen.
Dhaddachi Warraabi Magaalaa Dooloo tan Daangaa Toophiiyaafi
Sumaalee irraa KM 70 gadi fagaati. Ummani nuti lafti teena tanaa
gadi dhiifnee Biyya ambaatti wonti galuufi hinjiruu jedhanii ittii
iyyinaan Maal akka Shimbira ganamaa wol jalaa Ciwu Ciwujetu
jedhee
R/T waraana banachoon humna itti waamate. Ummanilee garjabummaa
diinaa kana waan beekuufi hayee, akka jetanuu haa tauu ni kaanaa
guyyaa baalamaa nuu kenaa jedhaniin.
yeroo kana Gootichi Ilma Oromoo Waaqoo Guutuu murtii dukanaayaa
Habashoon Ummatya Oromootitti kenite kana diduun walgayii keessaa
dhiitee yoo bayu Konolleni lamaan aariin ija itti baasuun kootu
Eesa deemita jedhanii waamani.Waaqoo Guutuu garuu waatokko
osoo
hinsodaatin Ija isaanii dura dhufee dhaabate.Kone Zawudeen maaliif
murtii mangistii fudhatee lafa tana irra hinkaane? jedhee lolaan
gaafate.Waaqoo Guutuulee dalansumaan maaliif kaa? lsababaan lafa
tiyya irraa kauuf maali? Lafa tiyya irraa kaii eesa deema? jedhee
gaafii gaafiin deebisee gaafate.Habashichis
lafti tun tesanii mitti, wanti irraa kaatuufilee lafti isin
kasaftee jirti.Lafti teesan Dhaddacha
Warraabii achiti galaa jedheen.Waaqoo Guutuulee jechaa isaa kana
ajaaibuun lafa tiyyatuu na kasasaa? Akaakoo Abaaboon irrati
jiraanee adha geenee ammaan dura maaliif nu hin kasasin? amoo
isinuu wara laga gamaa nuttu dhufee abaa torbatti (7) fiixaa
teeyisan hin beeyine isii irraa nyaatyanii nu
nyaataa jirtan isin hin kasafinee maaliif nu kasafitii?
jedheen.Eergamaan mootummaa kun akka jaba dallanuun adaa atii akka
lafti tun nu kassaftu yaada qabdaa? Amaaf san hin argatu murti siif
keenname fudhate ni baata moo hin baatu?gaafi tana qoofaaf deebii
naa keenni jedheen.
Waaqoo Guutuu obsaan uf qabbaneessuun mee murti san deebii sii
kennuun dura waan tokko si gafadhaa na deebis jedheen.Lafa Kurkurru
jedhamtu ta karaan Makiinaa irra bahu tana argite beektaa? jedhee
qubaan itti akkeekuun gafatee. Amartichiilee Ee ni beekaa jedheen,
Kooba ykn Kuyyiisaa takka tan karaa san keesstti baate yeroo hunda
Makiinaan irra deemtaan
diigdaan ta isiin ammoo halkaan maraa ijaaramtee bultu ta ganamaa
maraa diiddan argitee beettaa? jedhee gaafate.Amartichilee Ee argee
jira jedheen.Waaqoo Guutuu, Koobuun sun ganama maraa ni diiggamti
maalliif baduu diddee? jedheen, Amartichiis akkamtii baddii baduu
hin dandeettu malee! Makiinaan gubbaa irra qofa diigaa hiddi isii
lafa jala jira hiddaan buqqisee hin dandau kanaaf hin badne
jedheen.
Gootichillee dubbiin karaa inni fetdhu dhufuu isiitiif jaboo
gammaddee, Gaarii kan beekuun kee, waan guddaa, akka wonti hiddi
isaa lafa keessa jiru salphaatti hinbadne atuu beettee lafa ati
irraa kai, yoo didde siballeessaa naan jettu tana Handhuura tiyyatu
jalatti awwaalamee jiraa beeki, lafee abaaboo-akaakoo kiyyaatti
keessatti awwaalamee jiraa beeki, awwaala abbaa kiyyaattu kunoo
armaan gama Bitaatta jiraa beeki, kanaafuu anillee ammaaf manaa
siibayee, lagaa ammoo siif hinbayuu, tana beekaaa jiraatdhu.
jetdheenii yoo inni sochou hiriyyichi
isaa Abdullaahii Usmaan Guutuu, duukaa bue.Gabroomfattootni ammoo
ummatchaan guyyaa (7) keessatti akka gadi lakklftanii biyyanaa
baatan, murtii tana beekaa, jetdhanii, gadi furan. Jagnootni Diddaa
murtii gabroomfattootaatiin bayan Gannaalleen gama ceeanii, Wolaabu
keessatti Kadiir Waariyoo Luugoo, Abdurrahmaan Haroo Abdii, Huseen
Harcummaa Boruu, Huseen Abdurrahmaan