xiinxala qulqullina barreeffama afaan oromoo · pdf file1 xiinxala qulqullina barreeffama...
TRANSCRIPT
1
Xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo
Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Kolleejjii Saaynsii Hawaasaafi Namummaa
Yunivarsiitii Amboo, Oromiyaa
Beekan Gulummaa Irranaa ([email protected])- +251911074437 -12/05/2014
Axeraara
Qorannoon kun xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Taappellaafi Beeksisootaa magaalota
naannoo Finfinnee jedhurratti kan xiyyeeffatuudha. Hanga qorataan kun beekutti hanqinoonni gama
qulqullina barreeffama Afaan Oromootiin mul'ataa jiran kun guddina Afaanichaa irratti warreen dhiibbaa
fidaa jiranidha. Keessumattuu wantoonni akka beeksisaatti taappeellaarratti dogoggoraan barreeffamanii
jiran kunneen namoota Afaan Oromoo hinbeekne biratti akka waan sirrii ta’aniitti fudhatamuun
dogoggorichi akka babal’atu gochaa jiru. Gama guddina barreeffama Afaan Oromootiin yoo ilaalles gufuu
ta’uun beekamaadha. Kanaafuu, qoratichi muuxannoo qaburraa ka’uun jalqaba rakkooleen gama
qulqullinaafi fayyadama afaaniitiin mul’atan maal maal akka ta’an addaan baasuuf akkasumas, ka’umsi
rakkoolee kanneenii maal akka ta’e bira ga’uuf qorannoo geggeessee jira. Haaluma kanaan, kaayyoon
qorannichaa qulqullina barreeffama Afaan Oromoo Taappellootaafi beeksisoota magaalota naannoo
Finfinnee keessatti mul’atu xiinxaluudha. Kana raawwachuuf ammoo qoratichi mala qorannoo
qulqulleeffataatti dhimma ba’e. Odeeffannoos daawwannaafi af-gaaffiitti gargaaramuun walitti qabateera.
Odeeffannoon guuramanis haala walitti dhufeenya qabaniin qindaa’uun xiinxalaman.Bifuma kanaan,
rakkoon caasaa (duraa duuba jechootaa eeguu dhabuu, walqabsiistuu ‘fi’ akka of danda’aatti
fayyadamuu), dogoggora qubee (qubee guddaafi qubee xiqqaa iddoo malee fayyadamuu, dubbifamaa
iddoo malee jabeessuufi laaffisuu, dubbachiistuus dheeressuufi gabaabsuu, dogoggora irrabutaa,
dogoggora hudhaa, dogoggora qubee Afaan Oromoo addaan baasuu dhabuufi) hanqinni jijjiirraa
(hanqina jijjiirraa maqaa, fayyadama jechoota mijatoo hintaane, dhaabbii dhabuu jechootaa, fayyadama
jechoota ifa hintaaneefi yaada hanquu kan dabarsan fayyadamuun) irratti xiyyeeffannoon nikennama.
Maddi dogoggora kanneeniis Afaan Oromoorratti beekumsa dhabuu, dhiibbaa beekumsa caasaa afaan
biroo (Afaan Amaaraafi Afaan Ingilizii), dhiibbaa beekumsa caasaa Afaan Oromoo duraaniifi
xiyyeeffannaa kennuufii dhabuu ta’uun sakatta'amee xiinxalameeras. Rakkoolee kana furuuf, ga’umsa
Afaan Oromoo barreessitoota beeksisaa cimsuu, waajjiroota dhimmi kun isaan ilaallatuuf muuxannoo
hawaasa taappeellaa kana dhhabbatan sanaa gama Afaan Oromoon cimsuu. Ogeeyyiin afaanii
keessumattuu Afaan Oromoon leenji'an gita kana irratti bobba'uun hojjechuu qabu.
Jechoota Ijoo: Qulqullina, Taappeellaa, Beeksisoota, Dogoggora, Finfinnee, Oromiyaa.
SEENSA: Duubee Qorannichaa
1.1 Seensa
Afaan Oromoo uummata bal’aa, shawaa, Arsii, Baalee, Wallagga, Harargee, Iluu Abbaaboora, Walloo,
Jimmaaf afaan dhalootaa yeroo ta’u, Oromoota Gamuugoofaa, Sidaamoo, Goojjamiifi Keeniyaa keessa
2
jiraataniin akka Afaan dhalootaatti dubbatama (Madda walaabuu (2005). Kana malees, Afaan Oromoo
Impaayera Itoophiyaa keessatti bal’inaan akka dubbatamu Gragg (1976:166).
The Oromoo language is spoken over a large area extending from wello in the North to north Kenya in south, and from Wellegga in the west to Harar in the east, with Addis Ababa in the intersection of two axes. jechuudhaan ni ibsa.
Afaan oromoo namoota Miliyoona 40 oliin kan dubbatamu, ardii Afriikaa keessatti afaan dhalootaan
dubbataman keessaa sadarkaa 2ffaarratti kan argamu, uummata Afaan kushii dubbatan harka sadii
keessaa harka lamaa oliin kan dubbatamu, akkasumas, addunyaa keessatti damee Afaan Afiroo
Eeshiyaa keessa bal’inaan dubbatamuurratti sadarkaa 3ffaa rratti ni argama (Mekuria Bulcha (1995:36).
Haaluma wal-fakkaatuun Gadaa Malbaa (1988:15) Afaan Oromoo Afaanota Afriikaa keesssatti
dubbataman tilmaamaan 1000 ta’an keessaa kanneen bal’inaan dubbataman shanan keessatti akka
argamu addeesseera.
Afaan kun Carraa barruun dagaaguu utuu hin argatiin hanga jaarraa 19ffaatti turuu isaa Makura Bulcha
(1995:36) nidubbata. Jaarraa jedhame kanaa eegalee beektotaan (Jarosseau 1922, Andrzejewski
(1957,1966, 1972), Webster 1960, Borello(1945, 1946, 1948, 1970) Abdurahman (1969, 1972) Afaan
Oromoorratti barreeffamuu isaa Gragg, Bender (1976:168) keessatti ni ibsa. Kana malees dhalootee
Oromoo kan ta’an Onesmos Nasiibiifi Aster Gannoo kitaabolee addaddaa Arfii saabaatiin gara Afaan
Oromootti kan hiikaniifi ofiis barreessanii maxxansiisuu isaaanii (ibid) ragaa baha. Haaluma kana
cimsuun Gadaa malbaa (1988:16) Namoota biyya alaa Oromiyaa do’ataniin wanti hedduun waa’een
Afaan Oromoo kan barreeffame keessumaayyuu Misiyoononni Awrooppaa hojii baay’ee arfii Roomaa,
Saabaa fi kan Arabaa fayyadamuu dhaan Afaan Oromoon kan barreessan yeroo ta’u, meeshaaleen
maxxaafaman kitaaba qulqullu dabalatee faaruu amantaa fi miti-amantaa, Galmee jechootaa,
mammaaksa, walaloo, Kitaabolee mana barumsaa, seeluga K.K.f akka barreeffaman ni addeessa.
Afaan Oromootiin barreessuf arfii tajaajilaa turan kan Roomaa, Arabaafi saabaa hunduumtuu afaanichaaf
halagaadha. Ta’us kan Roomaa barreeffama Afaan oromootiif hamma tokko mijataadha. Namni arfii
saabaafi Roomaa fayyadamuudhaa afaan Oromootiin barreessuuf yaale hayyuun xaaliyaanii, Cerulli
(1922) tokko rakkoo arfii saabaatiin fayyadamuun qabu (ibid) yeroo ibsu
… to express the sounds of Oromo language with letters of the Ethiopic (sabean) alphabet, which express very imperfectly even the sounds of the Ethiopian language written in Ethiopic alphabet is very like deciphering a secret writing.
Jechuudhaan jeroo ibsu rakkoo kana maqsuufis gareen siyaasaa, aadaafi xinqooqa Oromoo hedduun
fooyaa’insa barbaachisu itti dabaluudhaan arfiin Roomaa faayidaarra akka oolu tattaafachaa turaniiru.
Jijjiiruama Mootummaa Impaayera Itiyoophiyaa keessatti bara 1974 taasifame keessatti Afaan Oromoo
mootummaafi meeshaa sabqunnamtii biratti beekamtummaa kan argate (Arfii Saabaatiin) (Gragg
1982:xiii) yeroo ta’u itti fufinsaan jijjiirama mootummaa biyyattii keessatti bara 1991 A.L.A adeemsifame
keessatti Chaarterii mootummaa Ce’umsa Itoophiyaatiin Afaan Oromoo Afaan mootummaa naannoo
Oromiyaa ta’ee bara 1991 eegalee hojiirra akka oolu heeraan mirga kenneefii jira. Kanarratti
hundaa’uunis bara 1993 eegalee Afaan Oromoo manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa keessatti Afaan
3
barnootaa, sadarkaa 2ffaa keessattimmoo akka gosa barnoota tokkootti akka kennamu ta’uudhaan yeroo
ammaa kollejjiifi Yunivarsiitii addaddaatti (bakka muraasarra kan hafe) sadarkaa dippiloomaadhaa hanga
digirii 1ffaatti kan baratamaa jiruufi kanneen baratanis kan ittiin eebbifaman yeroo ta’u, yunvarsitiin
Finfinnee, Yunivarsiitii Wallaggaa keessatti digirii lammaaffaatiin kennamaa jira.
Afaan Oromoo barreeffamuu kan eegale bara 1842tti akka ta’e ibsu (Gragg, 1976; Mahaadi, 1995).
Yeroo sanarraa eegalee Afaan Oromootiin barreeffamoonni garaagaraa bal’inaan barreeffamaa turan;
ammas barreeffamaa jiru. Barreeffamoota Afaan Oromootiin barreeffaman keessaa tokko barreeffama
taappeellaa magaalota keessatti argamaniifi kanneen waajjiraalee mootummaa naannoo Oromiyaa mara
keessatti dhimma itti ba'amanidha.
Barreeffamni taappeellaa gosoota beeksisaa keessaa tokko ta’ee baay’inaan magaalota keessatti
odeeffannoo garaagaraa kennuuf kan ooludha (Wellsfi warra biroo, 2000). Barreeffamni kun Afaan
Oromootiin duraan kan hinturreefi bara 1984 as jijjiirama sirna mootummaa wajjin walqabatee naannoo
Oromiyaa keessatti Afaan Oromootiin akka barreeffamu ta’ee jira (Samuel, 2010). Ta’us, barreeffamoota
Afaan Oromoo beeksisa taappeellaa kana keessaafi waajjiroolee mootummaa keessatti hanqinoonni kun
nimullatu. Kanneen keessaa tokko fayyadama afaaniiti. Kunis, fayyadama caasaa, fayyadama qubeefi
jijjiirraati. Kanumarraa ka’uun, qoratichi dhimmoota kana qorachuufi madda jaraas addaan baasuuf
qorannoon kun gaggeeffamuuf jira.
1.2. Seenaa Barreeffama Afaan Oromoo
Bara 1970 dura Afaan Oromoo barreessuun kan danda’amu qubee Afaan Gi’iizii yookaan qubee Afaan
Arabaa qofa fayyadamuun akka ta’e ibsu (Gadaa, 1988; Gragg, 1976). Haata’u malee, jalqaba 1970 Addi
Bilisummaa Oromoo qubeen Laatinii Afaan Oromoo barreessuuf akka oolu filate (Tilahun, 1992;
Mohammed, 2010). Bara 1974-1991 Afaan Oromoo qubee Gi’iiziitiin akka barreeffamuufi tajaajila
walqunnamtiif oolu, sirni abbaa irree murteessee ture (Gragg, 1976; Mohammed, 2010). Haaluma
kanaan, Sadaasa 3,1991 walga’ii beektota Oromoo, Adda Bilisummaa Oromoon adeemsifameen qubeen
Laatinii madaqfamee akka hojiirra oolu murtaa’e (Samuel, 2010).
Walumaagalatti, Afaan Oromoo barreessuuf qubeewwan Laatinii, Gi’iiziifi Arabaa tajaajilaa turaniiru.
Yaada kana Gadaa (1988:9) akkas jechuun ibsa, “Several works have been in Oromiffa using Roman,
Sabean and Arabic scripts. Printed materials in Oromiffa include the bible, religious and non religious
songs, dictionaries, short stories, proverbs, poems, school books, grammar, etc.” Yaada kanarraa
barreeffamoonni Afaan Oromoo afaanota sadeen ibsamaniin dhiyaataa turuu hubanna.
Kanamalees, qubee Sheek Bakrii Saphaloo uumanis Afaan Oromoo barreessuuf kan oolan keessaa
arfaffaadha. Ibsa arfan isaanii bifa armaan gadiitiin haalaallu. Sheek Bakrii Saphaloo yookiin Sheek
Abubakar Usmaan Odaa jedhamee kan beekamu, waloofi dursaa (scholar) amantii ture (Mohammed,
2010). Innis, birsagarratti kan hundaa’e dubbifamaa jabeessuufi dubbachiistuu dheeressuu kan ibsu
uume (Samuel, 2010; Haywardfi warra biroo, 1981) wabeffatee akka ibsetti. Haata’u malee, Gadaa
(1988) birsageessuu sanaafi hanqina isaa ibsee jira. Innis, unkaan adda adda haata’an malee mallattoo
qubeewwan Afaan Gi’iizii hordofaniin tokko ture. Qubeewwan isaa Afaan Oromoo barreessuuf rakkoo
haaqabaataniyyuu malee, 1950 dura Oromiyaa bahaatti hojiin isaa uummata biratti fudhatama guddaa
argatee akka ture ibsama (Mohammed, 2010).
4
Inni lammaffaa, hojii Oneesmos Nasiibidha. Onesmoos Nasiib (Abbaan Gammachiis) bara 1885-1898
waggoota 13 gidduutti kitaabota 7 gara Afaan Oromootti jijjiiruu isaati. Isaan keessaa 2 Asteer Gannoo
kan jedhamtu waliin akka barreesse ibsama (Mohammed, isuma). Kan biroon, Kitaaba Qulqulluu dhuma
jaarraa 18ffaa keessa yookiin bara 1899 qubee Saabaa fayyadamuun gara Afaan Oromootti hiike (Graag,
1976). Kun, seenaa barreeffama Afaan Oromoo keessatti iddoo guddaa qaba.
Sadaffaan, hojii Sheek Mohaammad Rashiid Abdulleeti. Innis, jaarraa 18ffaa keessa qubee Afaan Arabaa
fayyadamuun Quraanaafi kitaabuma amantaa musilimaa kan biroo gara Afaan Oromootti jijjiiree ture
(Samuel, 2010).
Inni arfaffaan, madaqfamuu qubee Laatiniiti. Inni kun yeroo ammaa Afaan Oromoo ittiin barreessuuf
beekkamtii argatee tajaajila kennaa kan jirudha. Madaqfamuun qubee Laatinii gama xinqooqaatiin, gama
barumsaafi sababa hojiirra oolmaa isaatiif fudhatama guddaa argachuu danda'aeera.
Sababa madaqfamuun qubee Laatinii gama xinqooqaatiin fudhatama qabaateef keessaa tokko,
qubeewwan dubbifamaafi dubbachiistuun addaan ba’anii jiraachuudha. Qubee saabaa yoo ilaalle garuu
qubee dubbifamaafi dubbachiistuu addaan baasee hinkaa’u (Tilahun, 1988). Sababni biroon
heeddummachuu qubeewwan saabaati. Kunis, mallattoolee naannoo 250 ta’an gara Afaan Oromootti
madaqsuun rakkisaa akka ta’e ibsa (Gadaa, 1988). Kanamalees, dubbachiistuu dheeressuufi dubbifamaa
gabaabsuuf rakkoo qabaachuunsaa waan ifa jirudha. Dabalataan, qubee dhootuu mallattoon ittiin bakka
buusan dhibuun rakkoo biroo akka tures niheera. Haaluma wal-fakkaatuun, (Mohammed, 2010:146)
sababoota kanniin deeggaruun akka itti aanutti dhiheessa.
The Ethiopic script has three major shortcomings when used for the Oromo language. First,
the script has only seven vowels as oppossed to ten vowels of the Oromo language. What is
more, vowels of the Ethiopic script do not have sound representation for the Oromo
language. Second, there is a difference in consonants and glottal stops. Finally, there is the
problem of germination.
Gabaabumatti, sababoonni dhiyaatan kunniin hanqina qubee Saabaa kan mul’isanidha. Kanaafuu,
madaqfamuun qubee Laatinii barbaaachisaa ta’uu mirkaneessu.
Sababni lammataa, faayidaa qubee Laatinii madaqsuu, baratamuu ilaallata. Kunis, qubeewwan muraasa
barachuu, hubachuufi fayyadamuun salphaa ta’uudha. Qubeewwan 32n jiranitti dabalataan namni Afaan
Oromoo baru tokko qajeelfamoota muraasa beekuu qaba. Kunis, waa’ee duraa duuba dubbachiistotaafi
dubbifamtootaa, tajaajila qubee dachaafaadha (Tilahun, 1992). Sadarkaa jalqabaatti odeeffannoo kana
qofa argachuun barbaachisaadha. Achiin booda, namni Afaan Oromoo baratu sun barreeffamoota Afaan
Oromootiin qophaa’an dubbisuuf gahumsa niqabaata.
Sababni sadaffaan, tajaajilarra oolmaa isaati. Qubeen Laatinii sadarkaa ol-aanaatti tajaajila kennaa jira.
Fakkeenyaaf, barataan qubee Afaan Oromoo beeku tokko qubee Afaan Ingilizii yeroo gabaabaa keessatti
barachuu danda’a. Gama birootiin, tajaajila takinooloojii kompiitaraa keessatti dhimma ba’uuf salphaa
ta’uu hubanna (Samuel, 2010). Mohammed (2010:163) yaada kana deeggaruun faayidaa filatamuu
qubee Laatinii Afaan Oromootiif akkanatti ibsa, “The choice of the latin alphabet not only facilitates the
5
teaching learning process, and guarantees the steady growth of the language, but also contributes to the
psychological liberation of the Oromo people.”
Walumaagalatti, qubeen Laatinii Afaan Oromootiif madaqfamee tajaajila kennuun isaa gama
xinqooqaatiin, gama barumsaatiinis ta’e gama hojiirra oolmaa isaatiin bu’aa ol-aanaa kan qabu ta’uu nutti
mul’isa.
1.3. Afaan Oromootiin Barreessuu Yeroo Ammaa
Yeroo ammaa Afaan Oromoo afaanota qubee Laatinii fayyadamuun barreeffaman keessaa tokkodha.
Qubee Laatinii gara Afaan Oromootti madaqsanii gargaaramuurratti jijjiiramni mul’atan nijiru. Isaanis,
sagalee hudhaa /’/ dabaluu, jijjiirama sagaleessuu qubeewwan /c/, /q/fi /x/, sagaleewwan dhootuu, laagaa
[c], harsassee [k]fi irga [t] bakka bu’anii jiru. Jijjiiramni kan biroon qubeewwan dachaa fayyadamuudha.
Isaanis, /ch/, /dh/, /ny/, /sh/fi /ph/ dha. Kunis, sagaleewwan laagee rigduu [ch], irgee dhowaa [dh], laagee
funyee [ny], laagee lootuu [sh], hidhlamee dhootuu [ph] kanneen bakka bu’anidha. Kanumaan
walqabatee, jijjiiramni jiru bakka barbaachisutti dubbachiisaa dheeressuufi dubbifamaa jabeessuudha
(Samuel, 2010).
1.4. Ka’umsa Qorannichaa
Mata-duree “xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo beeksisootaafi taappeellaa magaalota
naannoo Oromiyaa'' jedhu kanarratti qorannoo akka geggeessuuf qoratichaaf ka’umsa kan ta’e, yeroo
Afaan Oromoo daran guddachaa jiru kanatti dogoggora qubee, caasaafi jijjiirraa Afaan Oromoo
beeksisoota taappeellaa garaa garaa argaa turuudha. Dogoggorri uumaman kunniin ammoo ala waan
jiraniif ija nama hundaa seenu. Namoota fayyadama Afaan Oromoo hinbeekne birattis akka sirrii ta’anitti
fudhatamuu malu. Gama guddina barreeffama Afaan Oromootiin yoo ilaalles gufuu ta’uun beekamaadha.
Kanaafuu, qoratichi dhimmootiin qorannoofi muuxannoosaas dhimma afaaniifi aadaarratti waan ta'eef,
jalqaba rakkooleen mul’atan maal maal akka ta’an addaan baasuuf; akkasumas, ka’umsi rakkoolee
kanneenii maal akka ta’e beekee furmaata atattamaa barbaaduuf qorannoo geggeessee jira.
Kanumaan walqabatee, qorannichi gaaffilee armaan gadiitiif deebii barbaadamuuf jira.
Qulqullinni barreeffama Afaan Oromoo magaalaawwan naannoo Oromiyaatti argamanii maal fakkaata?
Fayydamni caasaa afaan Oromoofi dogoggora qubee taappeellaafi beeksisoota magaalota keessatti mul'ataa jiranii maal fakkaatu.
Qulqullinni barreeffamaa Afaan Oromoo beeksisoota taappeellaa magaalota naannoo Finfinneetiif sababoonni maalidha?
Rakkoon gama afaan biroorraa jijjiiruuf jecha uumamu maal maal fa'i?
Rakkooleen mul’atan kanaaf maddi maal ta'uu danda'a?
6
1.2 Kaayyoo Qorannichaa
1.2.1 Kaayyoo Gooroo
Kaayyoon gooroo qorannoo akka waliigalaatti qulqullina barreeffama Afaan Oromoo magaalota naannoo
Finfinnee Adaamaa, buraayyuufi Amboo irratti mul'atan xiinxaluudha.
1.2.2 Kaayyoo Gooree
Kaayyoon gooree qorannoo kanaa:
Fayyadama caasaa Afaan Oromoo magaalota naannoo Finfinnee keessatti mul'atan adda
baasuu.
Qulqullina sakatta'a qubee Afaan Oromoo magaalota naannoo Finfinnee keessaa ifa gochuu.
Fayyadama dogoggora qubee Afaan Oromoo beeksisoota taappeellaa magaalota naannoo
Finfinnee keessatti mul’atanii addaan baasuu.
Beeksisoota taappeellaa magaalota naannoo Finfinnee keessatti mul’atan addaan baasuu.
Rakkoo jijjiirraa Afaan Oromoo beeksisoota taappeellaa magaalaa Oromiyaa keessatti mul’atu ifa
gochuu.
Rakkoolee mul’ataniif qabata kan ta’e bira ga’uufi furmaata barbaachisaa dhiyeessuu.
1.3 Faayidaa Qorannichaa
Qorannichi faayidaalee armaan gadii niqabaata.
Danqaaleen Afaan Oromoo akka hinguddanne taasisu gaafa duraa ka'u, waajjirooleen
mootummaa naannoo Oromiyaa saaynisii Afaan Oromoo sirriitiin tajaajila kennuu eegalu.
Hanqinoonni jiran yoo maqan, namoonni odeeffannoo kallattii kanaan darbu rakkoo tokko malee
salphaatti hubachuu danda’u.
Yaadni furmaataa kaayaman yoo hojiirra oolan, namoonni Afaan Oromootiin beeksisoota
taappeellaa barreessaniifi barreessisan hubannoo ni’argatu.
Bu’aansaa hojiirra yoo oole yookiin dogoggorri jiran yoo maqan, guddina barreeffama Afaan
Oromootiif gahee mataasaa niqabaata.
Qaama dhimma kanarratti qorannoo bal’aa geggeessuu barbaaduuf, odeeffannoon qorannoo
kanaa yaada ka’umsaa ta’uun (kennuun) nitajaajila.
1.4 Daangaa Qorannichaa
Qorannoon kun xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo magaalota naannoo Finfinnee jedhurratti
kan xiyyeeffatuudha. Xiinxala qulqullina Afaan Oromoo kan jedhameefis akkaataa Afaan Oromoo yeroo
ammaa maxxansaalee addaddaa, manneen hojii garaagaraa fakkeenyaaf manneen barnootaa,
waajjiraalee mootummaafi wkf keessatti barreeffamee tajaajila kennaa jiru bu’uureffata. Kunis,
fayyadama caasaa Afaan Oromoo (Fkn, duraaduuba jechootaa), qubeessuu (dubbachiistuu dheeressuufi
gabaabsuu, dubbifamaa jabeessuufi laaffisuu)fi jijjiirraafaadha. Kanaafuu, xiinxala qulqullina qubee
barreeffamaatiin ala dhimma biroo fakkeenyaaf, fakkiiwwan taappeellaarratti argaman, halluu ittiin
barreeffaman, duraaduuba fayyadama afaanota ittiin barreeffamanii hinhaammatu. Beeksisoota
taappeellaa kan jedhaman beeksisoota daandiiwwan cinaa dhaabbataniifi kanneen manneen
daldalaarratti maxxanfamanii tajaajila maalii akka kennan beeksisan haammata.
7
Kanaafuu, qorannoon kun magaalota naannoo Magaalaa guddittii Oromiyaa Finfinneetti marsanii jiran
keessaa Ambo, Adaamaafi sabbataa qofa xiyyeeffata. Sababiin magaalonni kunneen filamaniifis
magaalota Oromiyaa biroo caalaa giddu gala konfiraansiifi daldalaa taatee tajaajilaa kan jirtuufi
uummanni baay'inaan keessatti argamu jedhamee waan yaadameefidha. Akkasumas akka iddattootti
magaalota Oromiyaa biroof bakka bu'uu danda'u jedhamanii waan yaadamniifidha. Haaluma kanaan
yaadni mata duree xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo magaalota naannoo Finfinnee tokko
tokko jedhuun ala dhufu qorannoo kana hin ilaallatu.
1.5. Mala Qorannichaa
Kaayyoon qorannoo kanaa akkuma duraan ibsame xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo
beeksisootaafi taappeellaawwan magaalota naannoo Finfinnee jedhurratti. Kana gochuufimmoo, qoratichi
gosa qorannoo akkamtaa (qualitative research) fayyadamee jira. Sababnisaa, qorannoo kana keessatti
odeeffannoon guurame lakkoofsaan osoo hintaane ibsaan hiika kan argate waan ta’eefidha. Kanarratti,
Abiyfi warri biroo (2009:36) yoo ibsanu, “Qualitative research involves studies that do not attempt to
quantify their results through statistical summary or analysis,” jedhu. Dabalataan, Dastaa (2002:20)
“Qorannoon mala kanaan (akkamtaan) geggeeffamu odeeffannoo argate mala addeessaatiin ykn mala
ibsaatiin dhiheessa,” jedha. Qorannoo kana keessattis kanumatu dhimma bahame. Gama birootiin,
qorannoo kana keessatti odeeffannoon argame gadifageenyaan ragaan deeggeramee kan xiinxalame
waan ta’eefidha. Addunyaa (2011:12) yaada kana yoo cimsu, “Ciminni qorannoo kanaa (akkamtaa)
gaaffiiwwan akkam? maaliif? jedhan kaasuun gadifageenyaan xiinxaluurratti humna waan qabuuf,
amanuufi hubannoo bal’isuuf haala mijeessuu isaati,” jedha. Yaada kanarraa malli kun gadifageenyaan
xiinxaluurratti humna qabaachuufi gama amanuufi hubannoo bal’isuufis haala kan mijeessu ta’uu
hubanna. Kanaafuu, kaayyoon qorannoo kanaas xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo
biiroolee, beeksisootaafi taappeellaa magaalota Oromiyaa jedhurratti kan xiyyeeffatu waan ta’eef,
qoratichi mala kanatti dhimma ba’uuf jira.
1.6. Madda Odeeffannoo
Maddi odeeffannoo qorannoo kanaa madda tokkoffaafi lammaffaadha. Qabannisaa, maddi tokkoffaa
odeeffannoo qorannichaa beeksisootaafi taappeellaawwan lafa Oromoo naannoo magaalaa guddittii
Oromiyaa Finfinneeti argaman, namoota beeksisoota taappeellaa barreessuurratti bobba’an kallattumaan
argachuudhaani. Maddi lammaffaa odeeffannoo qorannoo kanaa, waajjira Aadaafi Turiizimii Naannoo
magaalaa Finfinnee keessa jiran keessaa qaama dhimmi kun ilaallatudha. Keessumattuu waajjirri kun
ammoo dhimmichaaf odeeffannoo kennuurratti akka madda tokkoffaafi lammaffaatti ilaalamu danda'u.
1.7. Iddattoo
Akkuma daangaa qorannichaa jalatti ibsamuuf yaalame, kanneen qorannoon kun ilaallatu hundarraa
odeeffannoo guuruun bu’a qabeessummaa isaa daran akka cimsu beekamaadha. Haata’umalee, humna
qorannoo kanaatii ol ta’a. Kunis, yeroo, baajataafi meeshaalee barbaachisan gahaatti argachuu waan
gaafatuufidha. Kanaafuu, iddattoo gargaaramuun barbaachisaadha. Gosa qorannoo qulqulleeffataa
keessatti baay’inaan haalota, gochoota, yookiin dhimmoota ibsuurratti waan xiyyeeffatuuf dhimmi
iddattoo xiyyeeffannaa guddaa akka hinqabne Kumar (2005:165) akkanatti ibsa, “In qualitative research
8
the issue of sampling has little significance as the main aim of most qualitative inquires is either to
explore or describe the diversity in a situation, phenomenon, or issue.”
Qoratichi qorannoo kana geggeessuu keessatti iddattoon dhimma itti bahe gosa iddatteessuu keessaa
mit-carraadha. Kun kan ta’eef, jamaa filataman keessaa iddattoo filachuuf carraan waan
hinfayyadamneefidha. Kana ilaalchisee Kothari (2010:59) akkanatti ibsa, “Non probability sampling is that
sampling procedure which does not afford any bases for estimating the probability that each item in the
population has of being included in the sample.” Kanaafuu, gosa iddatteessuu mit-carraa keessatti,
qoratichi ta’e jedhee carraadhaan ala ofiisaatii iddattoo kan filatu ta’uu hubanna. Dabalataan,
iddatteessuun mit-carraa yeroo baay’inni jamaa hinbeekamne yookiin tokkoo tokkoon addaan baasuufis
rakkisaa ta’u kan fayyadamnu ta’uu Kumar (2005:177) akkanatti dhiheessa, “Non probability sampling
designs are used when the number of elements in a population is either unknown or can not be
individually identified.”
Kanumaan wal-qabatee, qoratichi gosa iddatteessuu mit-carraa kana keessaammoo gosa tokko kan ta’e
iddatteessuu akkayyoo (purpossive sampling) dhimma ba’ee jira. Sababnisaa, iddattoon filataman
qabiyyee qorannichaafi kaayyoo qoratichaarratti waan hundaa’aniifidha. “Akkayyoo kan jedhames ‘akka
kaayyoo’ qorannichaatti ykn qoratichaatti odeeffataa ykn deebistoota filachuu waan ta’eefi,” (Addunyaa,
2011:67). Yaada kana cimsuun Sarantakos (2005:164) akkanatti ibsa, “In this (purpossive sampling)
technique the researchers purposely choose subjects who in their opinion, are relevant to the project. The
choice of respondents is guided by the judgement of the investigator.” Yaada kanarraa, qorataan tokko
odeef-kennitoota dhimma sana itti dhiheenyaan nibeeku jedhee itti amanu ofiin murteessee kan filatu
ta’uu hubanna.
Kanumaan wal-qabatee, Jupp (2006) akka armaan gadiitti ibsa.
Purpossive sampling is a form of non probability sampling in which decisions concerning the individuals to be included in the sample are taken by the researcher, based up on a variety of criteria which may include specialist knowledge of the research issues or capacity and willingness to participate in the research.
Yaada kanarraas iddatteessuun akkayyoo gosa iddatteessuu mit-carraa keessaa tokko akka ta’eefi
kanneen qorannicharratti hirmaachuu qaban qabiyyee garaagaraarratti fakkeenyaaf, dhimmicha
beekuurratti, gahumsaafi fedhiin hirmaachuurratti hundaa’uun qoratichaan kan murtaa’an ta’uu hubanna.
Gamabirootiin, baay’ina iddattoo ilaalchisee qorannoo qulqulleeffataa keessatti xiyyeeffannaa ijoon haala,
dhimma, adeemsa yookiin raawwii ibsuu waan ta’eef, barbaachisummaan isaa xiqqaa ta’uu Kumar
(2005:181) akkanatti ibsa, “In qualitative research, as the main focus is to explore or describe a situation,
issue, process or phenomenon, the question of sample size is less important.” Kanaafuu, yaada kanarraa
gaaffiin baay’ina iddattoo ilaallatu barbaachisaa akka hintaane hubanna. Kanaafuu, qorannoo kanarratti
qoratichi gosa iddatteessuu keessaa mit-carraafi achi jalattimmoo iddatteessuu akkayyoo dhimma ba’uun
odeeffannoo guuree jira.
Haaluma kanaan, milkaayina qorannoo kanaatiif odeeffannoon kan irraa funaanaman beeksisoota
taappeellaa magaalota naannoo Finfinnee jiraataniirraati. Gamabirootiin, odeeffannoo argaman cimsuuf,
Waajjira Aadaafi Turiizimii magaalaawwan kana keessa jiran keessaa qaama dhimmichi ilaallatu
namoota lamafi namoota magaalicha keessatti beeksisa taappeellaa barreessaa jiran nama lamaaf
gaafannoon afaanii dhiyaateeraaf. Kunis, muuxannoo barreessitoonni beeksisaa sun hojii sanarratti
9
qaban bu’uureffachuun iddatteessuu darbaa dabarsaafi iddatteessuu akkayyootti (snowball sampling and
purpossive sampling) fayyadamuudhaan filataman. Iddatteessuun darbaa dabarsaa adeemsa walitti
hidhatiinsa qabuun iddattoo filachuu ta’uu Kumar (2005:179) yoo ibsu “Snowball Sampling is the process
of selecting a sample using a networks,” jedha. Kanumaan wal-qabsiisee, malli iddatteessuu kun waa’ee
iddattoo odeeffannoo irraa guurrannuu yoo baay’inaan hinbeekne yookiin iddattoo muraasa qofa
qunnamuu yoo barbaanne, kan itti fayyadamnu ta’uu ibsa. Kanaafuu, qoratichis odeef-kennitoota kana
sababa hinbeekneef; akkasumas, iddattoo muraasa waan fayyadameef, gosa iddatteessuu kanattis
dhimma bahee jira.
1.8. Meeshaalee Funaansa Odeeffannoo
Meeshaaleen funaansa odeeffannoo kamiyyuu dhibbaa dhibbatti odeeffannoo sirriifi fudhatamaa
argamsiisuuf ga’aa ta’e akka hinjirre Kumar (2005:119) yoo ibsu “None of the methods of data collection
provides 100 percent accurate and reliable information,” jedha. Yaada kanarraa meeshaaleen
odeeffannoo funaanuu kamiyyuu hanqina qabaachuu akka danda’an hubanna. Haata’u malee, qorannoo
kana geggeessuuf qoratichi meeshaalee mijatoofi odeeffannoo gahaa ni’argamsiisu jedhee kan filate
daawwannaafi af-gaaffiitti dhimma ba’a.
1.8.1. Daawwannaa
Daawwannaan meeshaalee odeeffannoo jalqabaa funaanuuf oolan keessaa tokko akka ta’eefi karaa
gochaa tokko ittiin daawwachuun yookiin dhaggeeffachuun odeeffannoo funaannu ta’uu Kumar (isuma)
yoo ibsu “Observation is one way to collect primary data. (It) is a purposeful, systematic and selective
way of watching and listening to an interaction or phenomenon as it takes place,” jedha.
Kanaafuu, meeshaa kanatti fayyadamuun qoratichi beeksisoota taappeellaa magaalaawwan Oromiyaa
naannoo Finfinneetti argaman keessaa Adaamaa, Sabbataafi Amboon daawwateera. Yeroo daawwatus
iddoo tokko tokkotti yaadannoo barbaachisaa ta’e qabachuudhaan; akkasumas, suuraa kaasuudhaan
ragaaleen barbaachisoo ta'an qabatmaatti walitti qabamaniiru.
1.8.2. Af-gaaffii
Af-gaaffiin namoonni lama yookiin isaa ol walitti dhufuun yaada sammuudhaa qaban tokkorratti kan waliin
dubbatan ta’uu Kumar (2005:123) yoo ibsu “Any person-to-person interaction between two or more
individuals with specific purpose in mind is called an interview,” jedha. Kanumaan walqabsiisee, Kothari
(2010) meeshaan odeeffannoo funaanuu kun gaaffii afaaniin dhiheessuufi afaaniin deebii kennuurratti
kan hundaa’eefi caalmaadhaan qorannoo gadi fageenya barbaaduuf kan oolu ta’uu ibsa.
Haaluma kanaan, qoratichi af-gaaffii caaseffamaarratti hundaa’uun gaaffilee dursa qopheeffachuudhaan,
jechoota wal-fakkaataafi duraa duuba wal-fakkaataadhaan odeef-kennitootaaf dhiheessuudhaan
odeeffannoo guurrateera. Kana ilaalchisee, Kumar (2005:126) haala kanaan ibsa “In a structured
interview the researcher asks a pre determined set of questions, using the same wording and order of
questions as specified in the interview schedule.”
Walumaagala, meeshaan kun kan namoota dhimmichi ilaallatuuf qoratichi eenyummaafi kaayyoo ofii
ibsuun odeeffannoo irraa funaannatudha. Kanaafuu, meeshaa funaansa odeeffannoo kanatti
gargaaramuun qoratichi gaaffilee daanga’oofi banaa Afaan Oromootiin qopheessuun namoota beeksisa
taappeellaa magaalaaawwan kana keessatti barreessuurratti bobba'an, dura bu'aawwan waajjiroolee
10
magaalota naannoo kanaa keessa jiraniifi biiroolee godinaa aadaafi turizimii Oromiyaa magaalwwan
kana keessa jiraniif hanga tokko raabsuun odeeffannoo waliti qabateera.
1.9. Qindeeffamaafi mala qaacceessa Ragaale
Qorannoo kana keessatti odeeffannoon mala daawwannaafi af-gaaffiifiitiin walitti qabaman muuxannoo
qoratichaafi qorannoo mana kitaabaa bu’uureffachuun qindaa’aniiru. Haaluma kanaan; Beeksisoonni
taappeellaa dogoggora qubee, caasaafi jijjiirraa Afaan Oromoo qabaniifi ragaaleen waajjiroolee
mootummaa keessaa argaman haala walitti dhiheenya qabaniin qindaa’anii qaacceeffaman.
Odeeffannoon af-gaaffiin argamanis walkeessa nyaachifamuun qaacceeffaman. Haaluma kanaan
qoratichi odeeffannoo karaalee daawwannaafi af-gaaffiidhaan argaman fakkeenyaafi ragaadhaan
deeggeruun qaaccesse. Dhumarrattis odeeffannoon guuraman karaa ibsaatiin yookiin mala
qulqulleeffataatiin hiika argatanii argannoo barbaachisaarra ga'anii jiru.
1.10. Xiinxalaafi Qaaccessa Odeeffannoo
Rakkoo Fayyadama Caasaa
Gosoota barreeffamaa keessaa tokko kan ta’e barreeffama beeksisa taappeellaa magaalota Oromiyaa
guddittii naannoo Finfinnee keessatti mul'ataniiru. Dogoggora fayyadama caasaa Afaan Oromoo
keessatti kanneen hammatamuu danda’an dogoggora qubee, dogoggora dhamjechoota hirkataa akka of
danda’aatti fayyadamuu, dogoggora duraa duuba jechaa hordofuu dhabuu maqaa dhahuun
nidanda’ama. Kan armaan gadii kana ilaaluun danda'ama.
Fayyadama Dogoggora Qubee
Dogoggorri qubee beeksisoota taappeellaa magaalaa Adaamaa keessatti bal’inaan mul’ata (odeeffannoo
guuramanirraa hubachuun nidanda’ama). Kanneen dogoggora qubee jalatti hammataman qubee
guddaafi qubee xiqqaa iddoo malee fayyadamuu, dubbachiistuu iddoo malee dheeressuu yookiin
gabaabsuu, dubbifamaa bakka jabaachuu hinqabnetti jabeessuu; bakka jabaachuu qabuttimmoo
laaffisuu, irrabuta iddoo malee fayyadamuu, qubee Afaan Oromoo ittiin barreessuuf madaqfameen ala
fayyadamuu, hudhaa bakka barbaachisutti gargaaramuurratti hanqinni jiraachuufaadha.
Qubee Xiqqaafi Qubee Guddaa Iddoo Malee Fayyadamuu
Dogoggora qubee guddaafi qubee xiqqaa; akkasumas, dogoggora kanneen biroo dabalatee mee
odeeffannoo itti aanu kana fudhannee haalaallu.
1. Waggootaann 50aaf Dandii Carra Irratii kan ture Bullchinsa lottarii Lottarii Biyoolless
Hundeffama Wagga 50ffa Amajii 20, 2004 ni kabajjaa Mamiilttoota hundaaf Bagga Gamadan
jadha. Birri miiniyoon shan kan badhaassisu Lottariin Waggaa 50fa Gabbarra jirraa.
Odeeffannoon olitti dhiyaate (1) kun magaalaa Adaamaa naannoo ‘Mabiraat Hayil’ jedhamuun beekamuu
kan fudhatamedha. Akkuma beeksisa kanarraa hubachuun danda’amu fayyadama caasaa qubee Afaan
Oromoo osoo hineegiin jechoonni dogoggoraan tajaajila akka kennan ta’anii jiru. Dogoggorri kunniin
qubee guddaafi xiqqaa iddoo malee fayyadamuu, dubbachiistuu iddoo malee dheeressuufi gabaabsuu,
11
dubbifamaa jabeessuufi laaffisuu, dhamjechoota hirkataa akka of danda’aatti gargaaramuu, irradeebii
hinbarbaachifnefaadha. Mee kanniin tokko tokkoon haalaallu.
Jechi Waggootaann jedhu caasaa jecha Afaan Oromoo eegee hinbarreeffamne. Sababnisaa, Afaan
Oromoo keessatti dubbifamaan jalqabaafi dhumarratti hinjabaatu yookiin lamaafi isaa ol ta’ee
hinbarreeffamu (Abarraafi warra biroo, 1995:5; Addunyaa, 2010:72) ilaaluun nidanda’ama. Akkasumas,
jechuma san keessatti qubeen dubbifamaa /t/ jabaachuun, qubeen dubbachiistuu /a/ birsaga dhumaa
gabaabbachuu qabdi. Sirraa’ee yoo barreeffamu Waggoottan ta’uutu irra ture. Jechi Dandii jedhus
tokkoffaa qubee guddaa fayyadame. Gamabirootiin, qubeen dubbachiistuu /a/ gabaabbachuu hinqabdu.
Kanaafuu, lamaanuu sirraa’uun daandii ta’uu danda’a. Jechi Carra jedhus dubbachiistuun dhumarra jirtu
dheerachuun, qubeen /C/ xiqqaachuun carraa ta’uu danda’a.
Jecha Irratii jedhu keessatti qubeen dubbachiistuu jalqabaa /I/n garmalee guddattee jirti. Akkasumas,
yaada duubaan jiru ‘kan ture’ yaada jedhu wajjin wal hinsimanne. Kanaafuu, maxxantuun /-tii/ haqamtee
jecha duraan jiru carraa kan jedhutti maxxanuun carraarra ta’uu qaba (Askale, 1998:334). Bullchinsa kan
jedhus caasaa fayyadama Afaan Oromoo kan hordofe miti. Sababnisaa, akkuma duraan tuqamuuf
yaalame caasaan Afaan Oromoo dubbifamaa garaagaraa lamaafi isaa ol ijaarsa jechootaa keessatti
hinayyamu (Addunyaa, 2010). Kanaafuu, qubeen dubbifamaa /l/ laafuun barreeffamuu qaba.
Kanamalees, qubeen dubbachiistuu /i/ dheerachuun; akkasumas, galumsarratti hundaa’uun; qubeen
dubbachiistuu /a/ dhumarra jirtu matim-mul’istuu /i/tti jijjiiramuun Bulchiinsi jedhamuutu irra jira.
Jechi lottarii jedhu xiyyeeffannaa kennuu dhabuurraa kan ka’e faayidaa tokko malee irra deebi’amee
argama. Kunis, isa lammataa keessatti qubee dubbachiistuu /L/ qofti qubee guddaa ta’uun garaagara
ta’an. Kanaafuu, inni jalqabaa haqamuun isa lammataa keessatti qubeen dubbifamaa /L/ akkuma jirutti
ta’ee, qubeen dubbifamaa /t/ kan jabaatee jirus hafuun Lotarii jedhamee barreeffamuu danda’a.
Biyoolless kan jedhu keessattis caasaa Afaan Oromootiin ala qubee dubbifamaa jabeessuufi laaffisuu
argina. Jecha kana keessatti qubeen /y/ jabaachuun, qubeen /l/ ammoo laafuutu ture. Akkasumas,
dhumarratti qubeen dubbachiistuu /a/ dheeraa itti dabalamuun Biyyoolessaa ta’uun sirraa’a. Hundeffama
jecha jedhu keessatti qubeen /h/ guddaa ta’eetu argama. Akkasumas, qubeen dubbachiistuu /e/
gabaabbatee waan jiruuf, lamaanuu sirraa’uun hundeeffama ta’uutu irra jira. Jecha Wagga jedhu
keessattis qubeen dubbachiistuu /a/ dhumarra jiru gabaabbachuu hinqabu. Kanaafuu, qubee
dubbachiistuu /a/ dabalachuun jechi sun Waggaa ta’uu qaba. 50ffa kan jedhu keessattis qubeen
dubbachiistuu /a/ dheerachuun 50ffaa ta’uun sirrata. Amajii kan jedhus dubbifamaa /j/ jabeessuun
Amajjiitti; dhamjechi /ni-/ jedhu of danda’ee kan dhaabbatu osoo hintaane jecha mirgaan jirutti
maxxanuutu irra jira. Jecha kabajjaa jedhu keessatti qubeen dubbifamaa /j/ jabaatee jiru laafuun; qubeen
dubbachiistuu /a/ dhumarra jirus gabaabbachuun nikabaja jedhamuun himichi tuqaan xumuramuu
danda’a.
Mamiilttoota kan jedhu keessattis qubeen dubbachiistuu /a/ birsaga jalqabaa dheerachuun, qubeen
dubbachiistuu /i/ birsaga lammaffaa jabaachuun; akkasumas, caasaan Afaan Oromoo dubbifamaa sadii
walfaana waan hinayyamneef qubeen /t/ laafuun maamiltoota jedhamuu danda’a. Bagga kan jedhu
keessattis qubeen /g/ laafuu qaba. Gamadan kan jedhu barreeffamicha keessatti qubeen /m/fi /d/
laafuurraa kan ka’e tokkummaa yaadichaa dhabamsiisee jira. Sababnisaa, beeksisichi ramaddii
lammaffaadhaan barreeffamaa dhufee achirratti garuu ramaddii sadaffaatti jijjiirame. Kanaafuu,
tokkummaa faallessee jira waan ta’eef, qubeen /m/fi /d/ jabaatanii gammaddan jedhamuun gara ramaddii
lammaffaatti deebi’uun sirrata. Jecha jadha jedhu keessattis qubeen dubbachiistuu /a/ birsaga
12
jalqabaarra jiru /e/tti jijjiiramuun jedha ta’uu danda’a. Kun yoo taa’es garaagarummaa loogaatti waan
ilaalamuuf, dhiibbaa waan qabu miti. Garuu, yaada barreeffamaa wajjin wal-simsiisuuf tuqaadhaan
xummuramuun hafee akka itti fufiinsa agarsiisutti geeddaramuun jechaa yoo ta’e gaariidha.
Afaan Oromoo keessatti jechi qarshii jedhu bakka jecha Birri jedhuu bu’ee bal’inaan tajaajila kennaa
waan jiruuf, yoo jijjiirame filatamaadha. Innumtiyyuu dogoggora waan qabuuf qubee dubbachiistuu /i/
dhumarra jiru dheeressuun birrii ta’uu qaba. Jechi miiniyoon jedhus hiika dhabeessadha. Kan jedhamuu
qabu miliyoona/kitila waan ta’eef, qubeen dubbachiistuu /i/ birsaga jalqabaa gabaabbachuun, qubeen /n/
faayidaa waan hinqabneef /l/tti jijjiiramee dhumarratti qubeen /a/ dabalamuun miliyoona ta’uutu irra jira.
Badhaassisu kan jedhu keessatti qubeen /b/ jalqabarra jiru xiqqaa ta’uun, qubeen /s/ laafuun badhaasisu
jedhamuu danda’a. Lottariin kan jedhu bifuma duraatiin dubbifamaan /t/ laafee sirraa’uu qaba. Gabbarra
jechi jedhus dogoggora addaddaa waan qabuuf, sirraa’uutu irra jira. Tokkoffaa, qubeen /g/ xiqqaachuu
qaba. Lammaffaa, qubeen /b/ laafuu qaba. Akkasumas, qubeen /a/ birsaga lammaffaarra jiru
dheerachuun gabaarra jedhamuun sirrata. Jirraa kan jedhu keessattis, qubeen dubbifamaa /r/
jabaachuun tokkummaa yaadichaa diigee argama. Innis, kan ramaddii lammaffaan ibsamaa ture gara
ramaddii tokkoffaatti waan deebiseef, qubeen dubbifamaa /r/ laafuun; qubeen dubbachiistuu /a/ dhumarra
jiru ammoo gabaabbachuun jira ta’ee sirraa’uu danda’a. Yookiin jechichi jijjiiramuun oolcheera kan
jedhuun bakka bu’uu danda’a.
Walumaagala, akka filannoo tokkootti bifa itti aanuun sirraa’ee barreeffamuu danda’a yookiin bifa
birootiin, qubee hundasaa guddaatti jijjiiruun; akkasumas, yaadicha irradeebi’anii qindeessuun
barreessuunis nidanda’ama.
Waggoottan 50aaf daandii carraarra kan ture Bulchiinsi Lotarii Biyyoolessaa hundeeffama Waggaa 50ffaa
Amajjii 20, 2004 nikabaja. Maamiltoota hundaan baga gammaddan jechaa, qarshii miliyoona shan kan
badhaasisu Lotarii Waggaa 50ffaa gabaarra oolcheera.
Dogoggora Dubbachiistuu Dheeressuufi Gabaabsuu
Hanqina fayyadama afaanii keessaa tokko kan ta’e, dogoggoraan dubbachiistuu dheeressuufi
gabaabsuun beeksisoota Afaan Oromoo taappeellaa magaalaa Adaamaarratti nimul’ata. Barreeffamoota
Afaan Oromoo taappeellaan jiran harka caalu keessa yoo xiqqaate qubeen tokko yookiin lama bifa
garaagaraatiin itti dabalamuun yookiin keessaa hir’achuun bal’inaan mul’ata (akkan argettidha).
Odeeffannoon armaan gaditti argaman kunniinis kanuma nuuf mirkaneessu.
2. a. Hootela Janbar
b. Hooteela Baqqala Molla
c. Hooteelaa Karaamaraa
d. Hoteelaa Birhanee Tsahaay
e. Hootella Kooneell
f. Hoteella Miraaklli / Baga Nagaan Dhuuftaan
g. Hotelaa Yohaanaa
h. Hoteela Geexee Adamaa
Fayyadama Afaan Oromoo beeksisoota taappeellaa 2a-htti argaman keessatti hanqinoota garaagaraatu
mul’ata. Kanneen keessaa tokko jechi Hoteela jedhu bifa addaddaa saddeetiin barreeffamee argamuu
13
isaati. Kunis, h)rra kan jiruun ala kanneen a-gtti argaman hundinuu dogoggora qabu. Kana dabalatee
dogoggorri biroos bifa itti aanuun xiinxalamanii jiru.
a) Hooteela Janbar kan jedhu keessatti qubeen dubbachiistuu /o/ seeraan ala dheeratee mul’ata. Qubeen
/e/ ammoo dheerachuu osoo qabuu hindheeranne. Kan barreeffamuun irra tures Hoteela Janbar(i).
Dubbachiistuu /i/n qorannoo kana keessatti dhumarratti hammattuun taa’uun, dabalamuun ishee filannoo
ta’uu mul’isa.
b) Hooteela Baqqala Molla kan jedhu keessattimmoo qubeen dubbachiistuu /o/ ammas dheerachuun irra
hinturre. Baqqala Molla kan jedhurrattis dogoggorri qubee nimul’ata. Innis, Baqqalaa Mollaa jedhamuun
dhuma maqaa lamaanirratti dubbachiistuun /a/ dheerachuun sirraa’uu qaba. Walumaagalatti, sirratee kan
barreeffamuu qabu, Hoteela Baqqalaa Mollaa bifa jedhuunidha.
c) Hooteelaa Karaamaraa kan jedhu keessattimmoo qubeen dubbachiistuu jecha Hooteelaa keessatti
argaman hundi dheeratee barreeffamee argina. Kunis dogoggora. Kanaafuu, qubeen /o/ dheerachuu
hinqabu. Bifuma walfakkaatuun, qubeen /a/ dhumarra jirus dheerachuu hinqabu. Sirratee yoo
barreeffamu, Hoteela Karaamaraa ta’uu qaba.
d) Hoteelaa Birhanee Tsahaay kan jedhu keessattis dogoggorri nimul’ata. Dogoggorri mul’atus, jecha
Hoteelaa jedhu keessatti qubeen dubbachiistuu /a/ dhumarratti argamu dheerachuu isaati. Akkasumas,
Birhanee kan jedhu keessatti dubbachiistuun /a/ birsaga lammaffaarra jirutti dabalamee dheerachuun
Birhaanee ta’uu danda’a. Walumaagala, kan sirraa’uu qabus Hoteela Birhaanee Tsahaay(i) kan
jedhuttidha.
e) Hootella Kooneell kan jedhu keessattis jecha Hootella jedhurratti dogoggorri garaagaraa nimul’atu.
Isaanis, dheerachuu qubee dubbachiistuu /o/, gabaabbachuu qubee dubbachiistuu /e/fi jabaachuu qubee
dubbifamaa /l/dha. Jecha Kooneell jedhu keessatti dubbifamaan dhumarratti hinjabaatu ibsa dabalataatiif
4.1.1.1.3 jala ilaaluun nidanda’ama. Kan ta’uu qabus, bifuma walfakkaatuun Hoteela Kooneel(i)dha.
f) Hoteella Miraaklli/ Baga Nagaan Dhuuftaan/ kan jedhu keessatti dogoggorri garaagaraa nimul’atu.
Isaanis, jecha Hoteella jedhu keessatti dubbifamaan /l/ jabaachuu hinqabu. Jechi Miraaklli jedhu ammoo
Miraakil(i) kan jedhutti sirraa’ee barreeffamuu danda’a. Dheerinniifi gabaabinni dubbachiistuu jijjiirama
hiikaa akka fidu ni’ibsu (Abarraafi warri biroo, 1995).
Baga Nagaan Dhuuftaan kan jedhu keessatti jechi dhuuftaan jedhus kanuma nuuf mirkaneessa. Qubeen
dubbachiistuu /u/fi /a/ achi keessatti faayidaan ala dheeratanii argamu. Kunimmoo ergaa darbuu
barbaadame sana dhufaatii hawwachuurraa gara arrabsootti jijjiiruu nutti agarsiisa. Kanaafuu, qubeen
dubbachiistuu lamaanuu gabaabbachuun dhuftan ta’uun sirrata.
g) Hotelaa Yohaanaa kan jedhu keessattimmoo qubeen /e/ jecha Hotelaa jedhu keessatti
gabaabbachuufi qubeen /a/ dheerachuun dogoggora. Kanaafuu, kan ta’uun irra jiru Hoteela Yohaanaati.
h) Hoteela Geexee Adamaa kan jedhu keessatti jechoonni Geexeefi Hoteela jedhan sirriitti
barreeffamaniiru. Haata’umalee, jecha Adamaa jedhu keessatti birsagni lammaffaa waan gabaabbateef
jechichi Afaan Oromoo keessatti hiikaan ala. Kanaafuu, Adaamaa kan jedhutti sirraa’uu qaba.
Waliigalattis, Hoteela Geexee Adaamaa jedhamee barreeffamuu danda’a.
Gamabirootiin, qubee barreeffama Afaan Oromoo beeksisa taappeellaarraa gabaabsuun dogoggorri
yommuu uumamu nimul’ata. Kana kan nuuf mirkaneessu odeeffannoo itti aanan kanadha.
3. a. Mana Bashananaa fi Kitfoo Adaa Keerood
14
b. Dukkana Qorichaa Dhinsaa c. Foto fi Vidiyo Jiji
Gaaleen odeeffannoo a) keessatti Kitfoo Adaa jedhu Afaan Oromootiin dogoggora. Innis, dogoggora
jijjiirraa hiikaati. Kanaaf sababa kan ta’e, qubeen dubbachiistuu /a/ birsaga jalqabaa jecha adaa jedhu
keessatti gabaabbachuurraa madde. Kanaafuu, kitfoo adaa yommuu jedhu Afaan Oromootiin adaan
biqiltuu birraa daraaruun abaaboon isaa nama hawwatutti beekama. Biqiltuun kunimmoo nyaata
kitifoodhaaf kanoolu miti. Haata’u malee, beeksisa taappeellaa kanarratti akka waan kitifoon isaa
qophaa’uutti taa’ee jira. Kan jedhamuu barbaadame aadaa waan ta’eef, kitifoo aadaa jedhamuun
sirraa’uutu ture.
Odeeffannoo b) keessatti jechi dukkana jedhu waan ifa hintaanetti hiikama. Kan jedhamuu barbaadame
iddoo qorichi itti gurguramu malee qorichi dukkana hinqabu. Jecha kana keessatti jijjiirama hiikaa kana
kan geessise qubee dubbachiistuu /a/ birsaga lammaffaarratti argamu gabaabsuudha. Kanaafuu,
dukkaana jedhamee barreeffamuun sirraa’uu danda’a.
Odeeffannoo c) keessatti fayyadamni qubee Afaan Oromoo caasaan ala. Kunis, jechi Foto jedhu kan
barreeffamuu qabu dubbachiistuun /o/ iddoo lamaanuu dheerachuun Footoo ta’uu qaba ture.
Haata’umalee, Afaan Oromootiin jechi suura jedhu osoo jiruu jecha afaan biroorraa waan ergifatameef
isaan fayyadamuutu itti ture. Akkasumas, jecha Vidiyo jedhu keessatti qubeen /i/ jalqaba birsagaarratti
argamuufi qubeen /o/ dhuma birsagaarratti argamu dheerachuutu itti ture. Kanaafuu, Viidiyoo kan
jedhuun barreeffamuu qaba. Jechi Jiji jedhus Afaan Oromootiin yoo barreeffamu qubeen dubbachiistuu /i/
iddoo lamaanuu jiru dheerachuun Jiijii jedhamee barreeffamuu qaba. Walumaagala, bifa armaan gadiitiin
sirraa’anii barreeffamuu danda’u.
a) Mana Bashannanaafi Kitifoo Aadaa Keerood
b) Dukkaana Qorichaa Dhinsaa
c) Suuraafi Viidiyoo Jiijii
4. a. Mobaayiili Guudaataa
b. Kiiliinika Olaana Adaamaa
Odeeffannoon 4ffaa kunis caasaa Afaan Oromoo kan hordofe miti. Jecha mobaayiili jedhu keessatti
qubeen /i/ birsaga dhumaatti aanee jiru gabaabbachuun, kan dhumarra jirummoo dheerachuun mobaayilii
jedhamee barreeffamuu danda’a. Jechi Guudaataa jedhu Afaan Oromoo keessatti haala kanaan waan
hinfayyadamneef, qubeen /u/ gabaabbachuun, qubeen /d/ jabaachuun; akkasumas, qubeen /a/ birsaga
dhumaatti aanee jiru gabaabbachuun Guddataa ta’uu qaba. Walumaagala, Mobaayilii Guddataa
jedhamuutu irra jira.
Odeeffannoo b) yoo ilaalle jecha Kiiliinika jedhu keessatti qubeen dubbachiistuu /i/ birsaga tokkoffaafi
lammaffaarratti argamu dheerachuu hinqabu. Kan ta’uun irra ture kilinikadha. Jecha Olaana jedhu
keessattis qubeen dubbachiistuu /a/ dhuma birsagaarratti argamu dheerachuu qaba. Akkasumas,
mallattoon hudhaa durduubee ol jedhutti aanee galuu danda’a. Haaluma kanaan, Kilinika Ol’aanaa
Adaamaa jedhamuun sirratee barreeffamuu danda’a.
5. a. Kusa Mesha Barrefammaa Tesfaa
b. Kusaa Meeshalee bu’aa spoonjii Harar
c. Meeshaalla Gurgurtaa Farnichaara fii Eleektiironikssii Akiiyaa
15
d. Meeshaale Jijjiiraa Konkolaataa Tasiffaa
Beeksisoota afi b keessatti jechoonni Kusafi Kusaa jedhan lamaanuu Afaan Oromoo keessatti hiika
hinqaban. Hiika qabaachuuf qubeen dubbachiistuu /u/fi /a/ dheerachuun Kuusaa ta’uutu irra jira. Ammas
kanneen a-dtti argaman keessatti jechoonni mesha(a), meeshalee(b), meeshaalla(c)fi meeshaale(d)
jedhaman hunduu dogoggora qabu. Kan a) keessatti argamu Kuusaa kan jedhu waan hedduuf kan oolu
waan ta’eef, jechi mesha galumsarratti hundaa’uun dhamjecha heddumina mul’istu dabalatee
meeshaaleetti, b), c)fi d) keessattis dogoggorri qubee hunduu sirratanii meeshaalee jedhamuu qabu ture.
Odeeffannoo a) keessatti Barrefammaa kan jedhu keessatti qubeen /e/ dheerachuu, qubeen /f/
jabaachuufi qubeen /m/ laafuu qabu. Kanamalees, a) keessatti jechi Tesfaa jedhuufi d) keessatti jechi
Tasiffaa jedhu lamaanuu caasaa sirrii miti. Kan ta’uu qabus Tasfaadha. Abarraafi warri biroo (1995) akka
jedhanitti, caasaan Afaan Oromoo dubbifamaa gosa addaddaa (irrabuta) jalqabaafi dhumarratti waan
hinayyamneef, odeeffannoo b) keessatti jechi spoonjii dogoggora. Kanaafuu, dubbachiistuun /i/
jalqabarratti dabalamuun Ispoonjii ta’uutu irra ture. Odeeffannoo c) keessatti walqabsiistuun /fii/ jedhu
seeraan ala qubeen dubbachiistuu /i/ dheerachuufi ofdanda’ee dhaabbachuutu mul’ata. Kanaafuu,
qubeen dubbachiistuu /i/ gabaabbachuun; akkasumas, jecha duubaan jirutti maxxanuun sirraa’uu qaba
ture.
Walumaagala, dogoggora hinibsamiin kanneen biroo dabalatee akka itti aanutti barreeffamuu danda’u.
a) Kuusaa Meeshaalee Barreeffamaa Tasfaa
b) Kuusaa Meeshaalee Bu’aa Ispoonjii Harar
c) Meeshaalee Gurgurtaa Farniicharaafi Elektirooniksii Akiiyaa
d) Meeshaalee Jijjiirraa Konkolaataa Tasfaa
6. a) Mana Ciiree Siif
b) Maanaa Bereeduuma Maaffii
c) Manaa Gurguurtaa Gomma Fii Baatrii Hard
Akkuma odeeffannoo beeksisoota taappeellaa a), b)fi c)rraa hubannu jechoonni mana(a), maanaa(b)fi
manaa(c) keessatti argaman iddoo walfakkaataatti argamaniyyuu bifa tokkoon barreeffamanii
hinmul’atan. Kan a)rratti barreeffame sirriidha. Jechi b) keessatti maanaa jedhu fayyadama Afaan
Oromoo keessatti hiika dhabeessadha. Jechi manaa jedhu c)rratti argamu akka raawwatamaatti hiika
qabaatuyyuu iddoo amma jirutti sirrii miti. Kanaafuu, kanneen b)fi c)rratti barreeffaman bifa isa a)rra
jiruutiin barreeffamuun sirraa’a. Jechi a) keessatti Ciiree jedhus sirrii miti. Dubbachiistuun /i/
gabaabbachuun Ciree ta’uu danda’a. Bereeduuma kan jedhu b) keessatti kan argamus Afaan Oromoo
keessatti bifa kanaan tajaajila waan hinkennineef bareedina kan jedhuun yoo barreeffame yookiin
miidhagina kan jedhuun yoo taa’e gaarii ta’a. Maaffii kan jedhu keessattis /f/n laafuun sirrata. Jecha
gurguurtaa jedhu c) keessattimmoo dubbachiistuun /u/ birsaga lammaffaarraa gabaabbachuu sirrata.
Gomma kan jedhu keessatti dubbachiistuun /a/ dheerachuufi walqabsiistuun /fi/ akkuma duratti 5c) jalatti
ibsameen sirraa’uu danda’a. Hard kan jedhus haaluma duraan ibsameen qubee dubbachiistuu /i/
dhumarratti dabalachuun; akkasumas, dubbachiistuun /a/ dheerachuun Haardi ta’uutu irra ture.
Dogoggora Dubbifamaa Jabeessuufi Laaffisuu
Odeeffannoo tokko tokko keessatti kanaan dura Afaan Oromoo keessatti haala hinbaratamneen qubeen
iddoo malee jabaatanii mul’atu. Mee kanneen armaan gadii haalaallu.
16
7. a) Istteshiinaari haarg
b) Wirttu Barraadiinna Rroom
c) Mana Nyaataa Biqilttuu
Tolemariam (2011:24) dubbifamtoota jabeessuu ilaalchisee akkana jedha. “Afaan Oromoo keessatti
dubbifamtoonni lamaa ol ta’anii walitti aananii dhufuu nidanda’u yoo gosa tokko ta’an.” Yaada isaa kanaaf
fakkeenya yoo kennu jecha cabse jedhu cabsse jennee barreessuu akka dandeenyu dhiheessa.
Odeffannoo armaan olitti argaman keessatti Istteshiinaari (a), Wirttu (b)fi Biqilttu (c) kanneen jedhan bifa
wal-fakkaatuun fayyadamanii jiru. Akka qoratichaatti haala kanaan fayyadamuun tokkoffaa, seera
qindeeffama dhamsagoota Afaan Oromoo keessatti kan baratame miti. Fakkeenyaaf, kanaan dura
barreeffamoota adda addaa Afaan Oromootiin maxxanfaman- kitaaba barataa, barruulee, asoosama,
gaazexaafi wkf keessattis akkanatti fayyadamaa hinturre; hinjiranis. Lammaffaa, caasaan birsaga Afaan
Oromoo kana waan hinkeessumsiisneef fudhatama waan qabu hinfakkaatu. Akkasumas, gama hiikaatiin
yoo ilaalle qubeen dabalamuun ala hiika jechaarratti jijjiirama tokkollee hingeessisu. Kanaafuu, haaluma
kanaan dura baratameen barreeffamuu wayya. Kunis, a) Isteeshinarii, b) Wirtuufi c) Biqiltuu jedhamuun
tajaajila yoo kennan gaarii ta’a. Haata’u malee, jechi Isteeshinarii jedhu Afaan Oromootiin meeshaalee
barreeffamaatiin waan beekamuuf, isaan bakka bu’uutu ture. Akkasumas, jechi wirtuu jedhu galumsarratti
fayyadama sirrii waan hintaaneef, gola jedhamee sirraa’uu danda’a. Jechi haarg jedhu a) keessatti kan
argamu maqaa waan ta’eef, qubeen /h/ guddaa ta’uu qaba. Dhumarratti dubbifamaan gosti addaddaa
lamaafi isaa ol Afaan Oromoo keessatti waan hinayyamamneef Haarag(i) jedhamuun sirraa’uu danda’u
(Abarraafi warra biroo, 1995).
Gamabirootiin, Barraadiinna kan jedhu Afaan Oromoo keessatti hiika waan hinqabneef, qubeen /r/
laafuun, qubeen dubbachiistuu birsaga lammaffaa /a/, gara /e/tti jijjiiramuun, qubeen /i/ gabaabbachuun;
akkasumas, qubeen dubbifamaa /n/ laafuun, dubbachiistuun /a/ dhumarra jirtu galumsarratti hundaa’uun
dheeratee Bareedinaa ta’uun sirrata. Akkuma duratti ibsamuuf yaalame caasaan Afaan Oromoo
dubbifamaa lama jalqabaafi dhumarratti waan hinayyamneef Rroom kan jedhus dogoggora.
Hindubbifamus; hiikas hinqabu. Kanaafuu, qubeen dubbifamaa /r/n tokko haqamuun Room ta’uutu
sirriida.
Walumaagalatti, gama qubee ilaallatuun sirraa’anii kan barreeffamuu qaban akka itti aanuttidha.
a. Isteeshinarii Haarag(i)/ Meeshaalee Barreeffamaa Haaragi
b. Wirtuu Bareedinaa Room(i)
c. Mana Nyaataa Biqiltuu
Fayyadama Afaan Oromoo keessatti dubbifamaa iddoo malee jabeessuun hiika jechaarratti jijjiirama
fiduu akka danda’u ni’ibsu (Abarraafi warra biroo, 1995:27). Haluma kanaan, mee odeeffannoo armaan
gadii haalaallu.
8. Baankii Intarnaashinaalii Bunna Dammee Adaama
Akkuma beeksisa kanarraa hubachuun danda’amu jechi Bunnafi Dammee jedhan beeksisa kana
keessatti fayyadama sirrii waan hintaaneef, hiika yaadichaa jijjiiranii jiru. Bunna kan jedhu qubeen
dubbifamaa /n/ waan jabaateef hiika waan tokko butuutti geeddare. Dammee kan jedhus sababa qubeen
/m/ jabaateef waan ibsuu barbaadame dhiisee maqaa namaatti jijjiiramee mul’ata. Kanaafuu, inni
jalqabaa Bunaa (Afaan Oromootiin) yookiin Bunnaa (Afaan Amaaraatiin) jechuun qubeen dubbachiistuu
17
/a/s galumsarratti hundaa’uun jecha dura jiru waan ibsuuf itti dabalamee, inni itti aanus Damee jedhamee
barreeffamuu qaba. Gamabirootiin, Adaama kan jedhus, akkuma duraan ibsame qubeen /a/ dhumarra
jiru dheerachuun Adaamaa ta’uutu irra ture. Walumaagala, Baankii Intarnaashinaalii Bunaa Damee
Adaamaa jedhamuun sirrata.
9. a) Faxirraa Fii cirree
b) Kaafiteeriyyhaa Naahoom
c) Mana Fonnii Keeri Yihuun
d) Mana Barrediina B.K
Beeksisa a) keessatti jechi Faxirraa jedhamee barreeffame jecha Afaan Arabaati (odeeffannoo namaa).
Akki itti barreeffamuu qabu dubbachiistuun /i/ dheerachuun, dubbifamaan /r/ laafuun Faxiiraa ta’a.
Walqabsiistuu /fii/ ilaalchisee 5c jalatti ibsi kennamee jira. Jechi cirree jedhus dogoggoradha. Dogoggorri
mul’atus jijjiirama hiikaati. Kan jedhamuu barbaadame gosa nyaata ganama nyaatamu ta’ee osoo jiruu,
qubeen /r/ jabaachuu isaatiin gara waan tokko baay’atanii ciruutti yookiin haamuutti jijjiire. Kanaafuu,
ciree kan jedhutti sirraa’uutu ture. Jechi kunis hiika lama qaba. Tokko, hiika namni ramaddii tokkoffaa
gocha ciruu raawwatu yoo bakka bu’u; inni lammataa, nyaata ganamaa san bakka bu’a. Ta’us
galumsarraa waan hubatamuuf kun dhiibbaa waan qabu miti.
Odeeffannoo b) keessatti jechi Kaafiteeriyyhaa jedhu hanqina fayyadama qubeewwanii qaba. Kunis,
qubee dubbifamaa /f/fi /t/ gidduu irrabuta ta’ee osoo jiruu qubeen dubbachiistuu /i/ dabalamuu, qubeen
dubbifamaa /y/ jabaachuufi qubeen /h/ dabalamuudha. Kanaafuu, kunniin sirraa’uun Kaafteeriyaa
jedhamuutu irra ture.
Odeeffannoo c) keessatti jechi Fonnii jedhu Afaan Oromoo keessatti hiika dhabeessadha. Sababnisaa,
namni Afaan Oromoo beeku kamiyyuu akkanatti waan hinfayyadamneefidha. Kanaafuu, qubeen
dubbachiistuu /o/ dheerachuun, dubbifamaan /n/ tokko haqamuun laafee galumsarratti hundaa’uun
dhumarrattis qubeen dubbachiistuu /i/ dheeratee Foonii ta’uutu irra ture.
Odeeffannoo d) keessattis, barrediina jechi jedhu waan jedhamuu barbaadameen ala. Sababnisaa
tokkoffaa, qubee dubbifamaan /r/ jabaachuu hinqabu. Lammaffaa, qubeen dubbachiistuu /e/
gabaabbachuu hinqabu. Sadaffaa, qubeen dubbachiistuu /i/ dheerachuu hinqabu. Akkasumas,
dhumarratti qubeen /a/ galumsarratti hundaa’uun gabaabbachuu hinqabu. Kun kan ta’uuf, beeksisa kana
keessatti manichi tajaajila bareedinaatiif ooluu ibsuu barbaadameeti malee, bakka namni B.K jedhamu itti
bareedu waan hintaaneefidha.
Kanaafuu, kan sirraa’uu qabu akka itti aanuttidha.
a. Faxiiraafi Ciree
b. Kaafteeriyaa Naahoom(i)
c. Mana Foonii Keeri Yihuun(i)
d. Mana Bareedinaa B.K
Yeroo tokko tokko caasaa Afaan Oromootiin ala dubbifamaa gosa lama walitti aansanii jabeessuunis
beeksisoota taappeellaa magaalaa Adaamaa keessatti nimul’ata. Akka fakkeenyaatti odeeffannoo itti
aanu haalaallu.
10. Hojii Beekkssisaa
Akkuma odeeffannoo olii kanarraa hubachuun danda’amu jecha Beekkssisaa jedhu keessatti qubeen
dubbachiistuu /k/fi /s/ faayidaan ala jabaatanii mul’atu. Afaan Oromoo keessatti fayyadamni yookiin
18
caasaan akkasii hinjiru. Kanaafuu, akkanattis hindubbatamu; hinbarreeffamus. Kun gama tokkoon
sirrummaa deebii odeef-kennitootaa mirkaneessa. Kunis, qoratichi akka af-gaaffii barreessitoota
beeksisaatiif qopheessee dhiheesseefirraa deebii argatetti baay’een isaanii Afaan Oromoo kan
hinbaranne ta’uudha. Gabaabumatti, beekumsa dhabuu caasaa Afaan Oromoo barreessitoota beeksisaa
taappeellaa magaalaa Adaamaa nuuf mirkaneessa. Odeeffannichis, Hojii Beeksisaa kan jedhuun
sirraa’uu qaba.
Fayyadama Dogoggora Irrabuta Ilaallatu
Afaan Oromoo keessatti cimdoominni dhamsagoota lamaa jalqabaafi dhumarratti hinhojjetu. Akka seera
walfaanommii Afaan Oromootti dubbifamaan tokkoo ol jalqabaafi dhumarratti waliin argamuu
hindanda’ani (Addunyaa, 2012:72). Haata’uyyuumalee, beeksisoota taappeellaa naannoo magaalaa
Finfinnee keessatti caasaan fayyadama Afaan Oromoo kun cabee yoo mul’atu argina.
Odeeffannoon gaditti argamanis kanuma nuuf mirkaneessu.
11. a) Klabii Graandee Sitii
b) Truu Koossmootikss
c) Treedingii Beelam
d) Hoteela Fraank
e) Freesh Juusii Yitam
f) Mana pulii Fkee
g) Mobaayilii Bluu Priintii
Akkuma odeeffannoo oliirraa hubachuun danda’amu jechoonni a) keessatti Klabiifi Graandee, b) Truufi
Koossmootikss, c) Treedingii, d) Fraank, e) Freesh, f) Fkee, g) Bluufi Priintii jedhan hundi caasaa Afaan
Oromoorraa maqanii kan argamanidha. Hanqinni mul’atus kan irrabutaati. Kunis, jalqabaafi dhuma
jechaarratti dubbifamaan gosti garaagaraa akka walhinfaanne hubannaa dhabuun kan fayyadamanidha
(Abarraafi warra biroo, 1995). Akkuma jirutti caasaa Afaan Ingilizii Afaan Oromootiif oolchuun yookiin
fayyadamuun kan hindanda’amne ta’uu hubannoo dhabuun akka jirus nuhubachiisa.
Kanaafuu, jechoonni kunniin qubee dubbachiistuu /i/ gidduu seensuun a) Kilabii Giraandeetti sirraa’uu
danda’u. Truu (b) kan jedhu dogoggora qubee Afaan Oromoo wallaaluus nutti mul’isa. Kunis, qubeen /t/
qubee /x/ bakka bu’uu dhabuudha. Kanaafuu, qubeen /t/s jijjiiramuun qubeen dubbachiistuu /i/ gidduu
seentee Xiruu ta’uun sirraa’a. Achuma keessatti koossmootikss kan jedhus iddoo lamaanittuu qubeen /s/
jabaatee argamu laafaa ta’uun, dhumarratti qubee /i/ dheeraa dabalatee Kosmootiksii ta’uun sirrata. Kan
c)rra jirus Tireedingii ta’uun qubeen dubbachiistuu /i/ gidduu seenee sirrata. Odeeffannoon d)rraa
Firaanki, qubeen /i/ dubbifamaa /f/fi /r/ gidduu seenuun; akkasumas, dhumarrattis dabalamuun sirraa’a.
Kanamalees, e)n Fireesh, f)n Fiqee ta’uun qubeen /k/ gara /q/tti jijjiiramuun, dubbachiistuun /i/s ammoo
qubee dubbifamaa /f/fi /q/ gidduu seenuun sirraa’uutu irra ture. Gamabirootiin, kan /g/ keessaa Biluufi
Piriintii ta’uun lamaanuu qubee dubbachiistuu /i/ dubbifamtoota jalqabaarratti aanee seenuun sirrata.
Walumaagalatti, bifa armaan gadiitiin sirraa’anii barreeffamuu danda’u.
a) Kilabii Giraandee Siitii
b) Kosmootiksii Xiruu
19
c) Tireediingii Beelam(i)
d) Hoteela Firaanki
e) Fireesh Juusii Yitaam(i)
f) Mana Puulii Fiqee
g) Mobaayilii Biluu Piriintii
Dubbifamaa Lama Jalqabaafi Dhuma Jechaarratti Fayyadamuu
12. a) Maaya Turssiisaa Daaimmann
b) Kiliniika NiwYoork
c) Gast Haawusii Aalfaa
d) Hoteela Galf Filaawar Inttarnaashinaal Adaamaa
Odeeffannoo oliirraa akkuma hubatamu a) keessatti jechi Turssiisaa jedhu Tursiisa jedhamee sirraa’uu
qaba ture. Daaimmann kan jedhu keessatti garuu dogoggora hudhaatti fayyadamuu dhabuufi dubbifamaa
/n/ dhumarratti jabeessuutu mul’ata. Inni jalqabaa mata-duree dogoggora fayyadama hudhaa ilaallatu
jalatti ibsamee jira. Inni lammataas haaluma xiinxala odeeffannoo tokko (1) jalatti ibsameen qubeen
dubbifamaa dhumarra jiru laafuun Daa’imman kan jedhutti sirraa’uutu irra ture.
Odeeffannoo b) NiwYoork kan jedhu keessatti hanqinni jiru dubbachiistuu /u/ qubee /w/tti aanee dhufuu
dhabuufi dhumarratti qubeen dubbifamaa addaddaa waan walfaananiif qubee dubbachiistuu /i/
dabalachuu dhabuudha. Yommuu sirraa’ee barreeffamus, Niwu Yoorki ta’a.
Odeeffannoo c) keessatti Gast kan jedhuufi d) keessatti Galf kan jedhu dhumarratti ammas qubee
dubbifamaa lamaan waan xummuramaniif Afaan Oromoo keessatti fayyadama caasaa sirrii miti.
Kanaafuu, dhumarratti qubee dubbachiistuu /i/ dabalachuun Gastifi Galfi jedhamuun sirraa’uu danda’u.
Walumaagalatti, dogoggora gosa biroo achi keessatti mul’atan dabalatee akkanatti sirraa’anii
barreeffamuutu irra ture.
a. Tursiisa Daa’immanii Maayaa
b. Kilinika Niwu Yoorki
c. Gasti Haawusii Aalfaa
d. Hoteela Galfi Filaawar Intarnaashinaal Adaamaa
13. a) Footoo Stuudiyoo Tizii
b) Footoo Stuudiyoo Amraani
c) Studiyoo Suuraa Waligalaa Taayim
d) Maarketii Starii
e) Akaadaamii Deey Staar
Odeeffannoo dhiyaatanirraa hubachuun akkuma danda’amu dogoggorri fayyadama caasaa Afaan
Oromoo nimul’atu. Isaanis, a), b)fi c) keessatti jecha Stuudiyoo jedhuufi d)fi e) keessatti jecha Stariifi
Staar jedhanirrattidha. Gabaabumatti, dogoggorri kunniin ammas caasaa Afaan Ingilizii hordofuudhaan
dogoggora uumame ta’uu hubachuun nidanda’ama. Kanaafuu, hunda isaaniirrattuu qubee dubbachiistuu
20
/i/ jalqaba jechoota kanaarratti dabaluudhaan gara caasaa Afaan Oromootti deebisuun barbaachisaadha.
Kunis, a), b)fi c) keessatti Istuudiyoo, d)fi e keessatti Istaar(i) jedhamanii sirraa’uu qabu. Dogoggora
keessatti mul’atan kanneen biroo dabalatee haala itti aanuun barreeffamuu danda’u.
a. Istuudiyoo Suuraa Tizzii
b. Istuudiyoo Suuraa Amraan(i)
c. Istuudiyoo Ogummaa Suuraa Taayim(i)
d. Maarketii Istaar(i)
e. Akkaadaamii Deey Istaar(i)
Fayyadama Dogoggora Qubee Afaan Oromoo Addaan Baasuu Dhabuun
Uumaman
Qubeen afaan tokko keessatti fayyadu afaan biroo keessatti akkuma jiruun fayyaduu dhiisuu danda’a.
Fakkeenyaaf, qubeewwan Laatinii Afaan Ingilizii keessatti tajaajila kennan Afaan Oromoo keessatti
bifuma walfakkaatuun tajaajila kennaa hinjiran. Qubeewwan tokko tokkorratti bifa Afaan Oromootiif
mijatuun madaqfamanii faayidaa kennaa jiru. Kanniin keessaa fakkeenyaaf, sagalee hudhaa (’) Afaan
Oromootti dabaluu, jijjiiramni sagaleessuu qubeewwan /c/, /q/fi /x/irratti mul’achuu; akkasumas,
qubeewwan dachaa /ch/, /dh/, /ny/, /sh/fi /ph/faa fayyadamuudha. Kanumaan walqabatee, bakka
barbaachisutti dubbachiisaa dheeressuufi dubbifamaa jabeessuu maqaa dha’uun nidanda’ama.
Haata’umalee, beeksisoota taappeellaa tokko tokko keessatti qubeen dubbifamaa Afaan Oromoo /c/
sagalee kamiin akka bakka bu’u hubachuu dhabuudhaan akkuma caasaa Afaan Ingilizii keessatti tajaajila
kennutti fayyadamuun dogoggorri yeroo uumamu nimul’ata. Kanas, odeeffannoo itti aanurraa hubachuu
dandeenya.
14. a) Caafee Entarneetii Fah
b) Caaffee Fi Restooraantii Sodaree
c) Castlee Kaaffee Fi Reestoraantii
d) Wirtuu lenjii Compiiteraa
e) Mana Maxansa Fi Computera Yes Imx
f) Hojii Maxansa Kiiyaa-Co
g) Mana Suuraa Cilic
Akkuma beeksisoota dhiyaatan kanarraa hubachuun danda’amu a) Caafeefi b) Caaffee, c) Castleefi, d)fi
e) Compiiteraafi Computera duraa duubaan, f) Co, g) Cilic jedhamanii Afaan Oromoo keessatti ergaa
dabarsuu haala hindandeenyeen barreeffamanii argamu. Jechoota kanniin hunda keessatti qubeen
dubbifamaa /c/ gara /k/tti jijjiiramuun caasaa Afaan Oromoo hordofuun barbaachisaadha. Kunis, a)fi b)
Kaaffee, qubeen /f/s a) keessatti jabaachuun, c) Castlee kan jedhu qubeen /c/ gara /k/tti; akkasumas,
dubbifamaa gosti addaddaa sadii walfaana jecha gidduutti waan argamaniif, dubbachiistuu /i/ gidduutti
dabaluun Kastiliitti, d)fi e) Kompiitara yookiin Kompuutara qubeen /c/ gara /k/tti jijjiiramuun, f) keessatti
Koo, g) keessatti Kiliiki jechuun hundisaaniiyyuu Afaan Oromoo keessatti hiika akka qabaatan gochuun
nidanda’ama.
Walumaagalatti, dogoggora biroo dabalatee bifa armaan gadiitiin sirraa’uutu irra ture.
a. Kaaffee Intarneetii Fah
b. Kaaffeefi Restooraantii Soodaree
21
c. Kaaffeefi Restooraantii Kastil(i)
d. Wirtuu Leenjii Kompiitaraa
e. Mana Maxxansaafi Kompiitaraa Yees IMX
f. Hojii Maxxansaa Kiyyaa-Koo
g. Mana Suuraa Kiliik(i)
Haaluma walfakkaatuun, beeksisoota taappeellaa magaalaa Adaamaa keessatti fayyadama qubee
dubbifamaa /g/fi /j/ addaan baasuu dhabuun dogoggoruunis nimul’ata.
15. a) Dhaabbata Leengii Miidhaginaa Saaraa
b) Wiirtuu Leengii Teekaandoo Intarnaashinaal Abbaba
Akkuma olitti ibsamuuf yaalame odeeffannoo kanniin keessattimmoo qubee dubbifamaa /g/ Afaan
Oromoo keessatti fayyadama qubee /j/ waliin addaan baasuu dhabuutu mul’ata. Kunis, a)fi b) keessatti
jechi leengii jedhu Afaan Oromoo keessa waan hinjirreef, hiika dhabeessadha. Kanaaf sababa kan ta’e,
qubee dubbifamaa /g/dha. Kanaafuu, qubeen /g/ gara /j/tti jijjiiramee leenjii jedhamuun sirraa’uu danda’a.
Haaluma walfakkaatuun, beeksisoota taappeellaa tokko tokko keessatti qubeen /x/ Afaan Oromoo
keessatti sagalee kam akka bakka bu’u hubannoo dhabuudhaan dogoggorri yoo uumamu argina.
16. a) Hoteela Exsikutiv
b) Mana Puulii Aleex
c) Expiressii Qaraan Qarshii Dabarsuu Damee Adaama
Akkuma olitti tuqamuuf yaalame jechoonni odeeffannoo armaan olii keessatti a) Exsikutiv b) Aleex, c)
Expiressii jedhaman jechoota afaan birooti. Afaan Oromoo keessatti ergaa tokkollee dabarsuu
hindanda’an. Sababnisaa, jechoonni kunniin kan afaan biroo ta’uurra darbanii fayyadamni qubee /x/
jechoota kanniin keessatti sirrii waan hintaaneefidha. Kanaafuu, haaluma afaan biroo keessatti
beekamaniin ergaa akka qabaatan gochuun barbaachisaadha. Kunis, qubee /x/ gara /k/tti jijjiiruun (a)
Eksikutiivi jedhamuutu irra ture. Odeeffannoo Aleex(b)fi Expiressii(c) jedhan keessattis, qubee /x/ gara
/k/tti jijjiiruun; akkasumas, dhamjecha /-si/ dhuma jecha b)tti dabaluun Aleeksi, kan c) keessattis gidduutti
dabaluun Eksipireesii jedhamanii sirraa’uu danda’u. Jecha Eksipireesii jedhu keessatti qubeen /e/
dabalamuufi qubeen /s/ haqamuu ilaalchisee duratti waa’ee dheeraafi gabaabaa; akkasumas, jabaafi
laafaa jalatti waan ilaalleef as jalatti kan sirrii ta’e qofatu kaa’amee darbe.
Odeeffannoo armaan gadii keessattimmoo fayyadama qubee Afaan Oromoo /y/fi /u/ addaan baasuu
dhabuurraa dogoggorri yeroo uumamu argina.
17. a) Paastariifi Fudii Uniik
b) Omisha Gasiiy Universalii
c) Uniiveersaal Isteeshinarii
Odeeffannoo kanniin keessatti jechoonni Uniik(a), Universalii(b), Uniiveersaal(c) jedhaman fayyadama
Afaan Oromoo keessatti dogoggora. Dogoggorichis, jalqaba jechoota kanaatti qubee /u/ fayyadamuurraa
madde. Kanaafuu, qubee /y/ jalqaba jechoota kanaatti fayyadamuun sirraa’uu danda’u. Gara caasaa
Afaan Oromootti deebi’anii yoo barreeffaman a) Yuunik(i), b)fi c) Yuunivarsaal(i) ta’uutu irra ture.
22
Walumaagala, dogoggorra odeeffannoo kana keessatti mul’atan kanneen biroo dabalatee bifa armaan
gadiitiin sirraa’uu danda’u.
a. Paastariifi Fuuddii Yuunik(i)
b. Omisha Gaasii Yuunivarsaal(i)
c. Isteeshinarii Yuunivarsaal(i)/ Meeshaalee Barreeffamaa Yuunivarsaali
Odeeffannoo armaan gadii keessattimmoo qubee dachaa Afaan Oromoo keessatti ergisaan fayyadu
dogoggoraan fayyadamuutu mul’ata.
18. a) Mana Barumsaa Vizhiin Lakk.2
b) Kiingdoom Viizhinii Internaashinalii
Akkuma olitti tuqamuuf yaalame qubeen /zy/ Afaan Oromoo keessatti qubeewwan lamarraa yookiin /z/fi
/y/rraa walitti dhufuun akka qubee tokkootti tajaajila kenniti. Haata’umalee, odeeffannoo olii keessatti
qubee /z/fi /h/ walitti fiduun /zh/ godhanii kan kanaan dura Afaan Oromoo keessatti hinbeekamne
fayyadamuu argina. Kanaafuu, qubeen /h/ qubee dachaa /zh/ a)fi b) keessatti jecha Vizhiinfi Viizhinii
jedhaman keessatti argamu qubee /zy/tti geeddaramee Viizyinii ta’uun sirraa’a. Sababnisaa, qubeen kun
barreeffama Afaan Oromoo keessatti /zy/dhaan beekama malee, /zh/dhaan miti (Askale, 1998:323).
Fayyadama Hudhaarratti Hanqinoota Mul’atan
Hudhaan (’) qubee Afaan Oromoo keessaa akka dubbifamaa tokkootti kan ilaalamu ta’uu nimirkaneessu
(Askale, 1998; Abarraa, 1995; Addunyaa, 2010). Kanumaan walqabsiisuun, hudhaan Afaan Oromoo
keessatti iddoo garaagaraatti tajaajilaaf kan ooluu danda’u ta’uu lafa kaa’u. Kanniin keessaa
dubbachiistuu gosti tokko lamaa ol ta’anii yoo walitti aananii dhufan, dubbachiistuu gosa addaddaa
gidduufi dubbifamaafi dubbachiistuu gidduu galuun tajaajila. Gabaabumatti, bakka hafuurri sombaa bahu
qoonqoorratti addaan citu galuun tajaajila kenna. Haata’umalee, odeeffannoo armaan gadii keessatti
fayyadamni hudhaa yeroo dhabamu argina.
19. a) Maaya Turssiisaa Daaimmann
b) Aimroo Ginddugaleessa Bashanana fi Gabaa
c) Gurupii Biiznasii Iquaatoriiyaal
d) Deddebisaa Feumsaa Fiqiruu Gaaradaw
Odeeffannoo a-d jiran keessaa Daaimmann, Aimroo, Iquaatoriyaaliifi feumsaa kanneen jedhan keessatti
hanqinni dubbachiistuu gosa addaddaa gidduutti hudhaa fayyadamuu nimul’ata. Kanaafuu, kan jalqabaa
Daa’immanii kan jedhutti, kan lammataa A’imiroo yookiin Ayimiroo kan jedhutti, sadaffaan
Ikkuwaatooriyaal(i) yookiin Ikku’aatooriyaal(i); akkasumas, afraffaan Fe’umsaa kan jedhutti;
walumaagala, dogoggora caasaa kanneen biroo achi keessatti argaman fakkeenyaaf, duraaduuba
jechootaa dabalatee bifa gadiitiin sirraa’uu danda’u.
a. Tursiisa Daa’immanii Maayaa
b. Wirtuu Bashannanaafi Gabaa Ayimiroo
c. Biizinasi Giruuppii Ikkuwaatooriyaal(i)
d. Deddeebisaa Fe’umsaa Fiqiruu Gaarradaawu
23
Dogoggora Fayyadama Jechaa
Beeksisoota taappeellaa magaalota naannoo Finfinnee keessatti akkuma rakkoo caasaa jalatti
dogoggorri qubee bifa garaa garaatiin mul’atu rakkoo fayyadma jechaa jalattis dogoggorri addaddaa
ni’argamu. Rakkoo fayyadama jechaatti kanneen ilaalaman walqabsiistuu ‘fi’ akka ofdanda’aatti
fayyadamuu, duraaduuba jechaa eeguu dhabuufi irradeebii hinbarbaachifne maqaa dhahuun
nidanda’ama. Mee kanneen haala itti aanuun haalaallu.
Walqabsiistuu ‘fi’ Akka Ofdanda’aatti Fayyadamuu
Akkuma mata-duree rakkoo daangaa jechootaa jalatti ibsame walqabsiistuun ‘fi’ ulaagaalee hiikaa,
caasaafi xinsagaa waan hinguunneef, kophaa dhaabbattee barreeffamuu hindandeessu (Askale,
1998:335). Haata’umalee, odeeffannoo gadii keessatti walqabsiistuun kun kophaa ofdandeessee yoo
dhaabbattu argina. Odeeffannoo gadii keessatti qofa osoo hintaane kanneen duraan ibsi itti kennamee
darbe tokko tokko keessattis dogoggorri kun ni’argama.
20. a) Dhaabbata Raadiyoo Fi TV Oromiyaa
b) Waajjiraa Aadaa Fi Tuurizimii Godina Shawaa Bahaa
c) Kolleejjii Barnoota Fi Leenjii Teekinikaa Fi Ogummaa Adaamaa
Walumaagalatti, akkuma Askale (ishuma) ibsitu walqabsiistuun ‘fi’ ulaagaalee ibsamanirratti hundaa’uun
kophaa dhaabbachuun sirrii waan hintaaneef, jecha duubaan jirutti maxxanee barreeffamuu qaba.
Haaluma kanaan, dogoggora kanneen biroo dabalatee akkanatti sirraa’uu danda’u.
a. Dhaabbata Raadiyoofi TV Oromiyaa
b. Waajjira Aadaafi Tuurizimii Godina Shawaa Bahaa
c. Kolleejjii Barnootaafi Leenjii Teekinikaafi Ogummaa Adaamaa
Hanqina Fayyadama Duraaduuba Jechaa
Dogoggora beeksisoota taappeellaa magaalaa Adaamaa keessatti mul’atan keessaa tokko duraa duuba
jechootaadha. Jechoota bakka isaanii malee galchuun dogoggoraaf qabata akka ta’e ibsa (Addunyaa,
2010). Akkasumas, duraaduubni jechootaa afaan addaddaa keessatti akkaataa tajaajila kennuun
ilaalamuu qaba (Crystal, 1997). Haata’umalee, odeeffannoo gadii keessatti duraa duubni jechootaa
caasaa gaalee Afaan Oromoo yoo faallessan argina.
21. a) Liyuu Hojii Bu’aa Ananeii
b) Mana Hoteela Fi Fooni Yordaanos
c) Abbaay Baankii W.A Damee Adamaa
d) Dashen Baankii Naannoo Naazreet Araadaa
e) Kuusaa Mana Kitaaba Meeggaa Damee Adaamaa
f) Siinaa Wirtuu Tursiisaa fi Kunuunsa Daa’immanii
g) Dame Kaaba Waldaa Amantaa Kiristaana Hawariyatii
h) Shawa Warshaa Daaboo Fi Daakuu Waldaa Dhuunfaa I/G Isaa kan Murtaa’e
24
Odeeffannoo a) keessatti kan ibsamuu barbaade waa’ee jecha Liyuu jedhamee osoo hintaane, hojii bu’aa
aannaniiti. Kanaafuu, Hojii Bu’aa Aannanii Liyyuu ta’uun jechi Liyyuu jedhu dhumarra oolee barreeffamuu
danda’a.
Odeeffannoo b) keessatti mana kan jedhu hoteela kan jedhu wajjin dhaabbatee waan buusu hinqabu.
Akkanumatti Mana Qorichaa, Mana Foonii, Mana Barumsaafi wkf wajjin walfakkeessanii ilaaluun
fayyadamani. Afaan Oromoo keessatti Mana Hospitaalaa, Mana Hoteelaa, Mana Kilinikaafi wkf jechuun
hinbarbaachisu. Jechootuma Hospitaala, Hoteela, Kilinika jedhaman qofaatu gahaadha. Kanaafuu, mana
kan jedhu jecha foonii jedhu wajjin tokko ta’ee osoo barreeffamee sirrii ta’a. Kunis, bifa lamaan sirraa’uu
danda’a. Inni jalqabaa, jecha foonii jedhu gara jecha mana jedhuutti dabarsuun Mana Fooniifi Hoteela
Yordaanos jechuun; inni lammataa, jecha Mana jedhu gara jecha foonii jedhutti dabarsuun Hoteelaafi
Mana Foonii Yordaanos kanneen jedhan ta’u.
Odeeffannoo c)fi d) keessatti dhimmichi kan xiyyeeffatu Baankiirratti malee Abbaayiifi Dashenirratti miti.
Kanaafuu, fayyadama caasaa Afaan Oromoo keessatti maqaan ibsa maqaa dursee dhufuu waan qabuuf,
maqaan Baankii jedhu Abbaayiifi Dashen dursuun, Baankii Abbaay W.A Damee Adaamaa; akkasumas,
Baankii Daashen Naannoo Araadaa Naazreet ta’uun sirrata.
Odeeffannoo e) keessatti jechi kuusaa jedhu dura dhufuun mana kan jedhu itti aanee kuusaa mana
jedhamuun ammas fayyadama caasaa Afaan Oromoorraa maqee jira. Kanaafuu, bakka waljijjiiruun
Mankuusa Kitaaba Meeggaa Damee Adaamaa jedhamee sirraa’uu danda’a.
Odeeffannoo f) keessatti jechi Siinaa jedhu ibsa dabalataadha. Kanaafuu, kan beeksifamuu barbaadame
Wirtuu Tursiisaafi Kunuunsa Daa’immanii kan jedhu waan ta’eef, jechi Siinaa jedhu dhumarra dhufee
Wirtuu Tursiisaafi Kunuunsa Daa’immanii Siinaa kan jedhutti sirraa’uu danda’a.
Odeeffannoo g) keessattis dogoggorri duraa duuba jechootaa nimul’ata. Kunis, kan ibsamuu barbaadame
waa’ee damee kaabaa osoo hintaane waa’ee waldaa Amantaa Hawaariyaatidha. Kanaafuu, gaaleen
damee kaabaa jedhu dhumarra dhufuudhaan Waldaa Amantaa Kiristaanaa Hawaariyaati Damee Kaabaa
ta’uun caasaa gaalee Afaan Oromoo eegee barreeffamuutu irra ture.
Haaluma walfakkaatuun, odeeffannoo h) keessatti xiyyeeffannaan jecha Shawaa jedhu waan hintaaneef,
jechi Shawaa jedhu jecha Daakuu jedhutti aanee dhufuun Warshaa Daabboofi Daakuu Shawaa Waldaa
Dhuunfaa I/G/ Isaa Murtaa’e kan jedhutti sirraa’uu danda’a.
Walumaagala, caasaa gaalee Afaan Oromoo eeganii bifa armaan gadiitiin barreeffamuutu irra ture.
a. Hojii Bu’aa Aannanii Liyyuu
b. Hoteelaafi Mana Foonii Yordaanos/ Mana Fooniifi Hoteela Yordaanos/
c. Baankii Abbaay W.A Damee Adaamaa
d. Baankii Daashen Naannoo Naazreet Araadaa
e. Mankuusa Kitaaba Meeggaa Damee Adaamaa
f. Wirtuu Tursiisaafi Kunuunsa Daa’immanii Siinaa
g. Waldaa Amantaa Kiristaanaa Hawaariyaati Damee Kaabaa
h. Warshaa Daabboofi Daakuu Shawaa Waldaa Dhuunfaa I/G Isaa Murtaa’e
25
Fayyadama Dogoggora Jijjiirraa
Dogoggorri jijjiirraa beeksisoota Afaan Oromoo taappeellaa magaalaa Adaamaa keessatti mul’atan
hanqina jijjiirraa maqaa, jechoota mijatoo hintaane fayyadamuu, dhaabbii dhabuu jechoota faayidaa
kennanii, jechoota ifa hintaane fayyadamuufaadha. Kanneen odeeffannoo argame wajjin walsimsiisuun
bifa armaan gadiitiin haalaallu.
Fayyadama Hanqina Jijjiirraa Maqaa
22. a) Kiiliinika Yaala Ilkanii Haadha Adaamaa
እናት አዳማ ልዩ የ ጥርስ ክሊኒክ
Enat Adama Dental Clinc
b) Mana Siree Ijaa Adaamaa
አይን አዳማ የ እንግዳ ማረፊያ
Ayin Adama Guest House
c)Mana Barnoota Biftu Adaamaa Oolmaa daaimanii-10ffaa
የ አዳማ ፀሐይ ት/ቤት ከአፀደ ሕፃ ናት -10ኛ ክፍል
Biftu Adama School KG_10th
Grade
Odeeffannoo sadan olitti argaman keessatti hanqinni jijjiirraa maqaa nimul’ata. Kunis, a)
keessatti jechi Afaan Amaaraafi Afaan Ingiliziitiin duraa duubaan እናትfi Enat jedhamanii
tajaajila kennan, Afaan Oromootiin Haadha kan jedhu bakka bu’anii jiru. Haata’umalee,
maqaaleen dhaabbilee dhuunfaa, manneen barnootaa, hospitaalotaafi wkf Afaan maddaa wajjin
hidhata waan qabaniif, jijjiiramuu kan hinqabne ta’uu boqonnaa lama 2.5.2 jalatti ibsamee jira
(Newmark, 1988). Kanaafuu, jechi Afaan Amaaraafi Afaan Ingiliziitiin እናትfi Enat jedhu
Afaan Oromootiinis Innaat jedhamee barreeffamuu qaba. Sababnisaa, yoo addadda ta’e waan
garaa garaa bakka bu’a malee, beeksisa tokko ibsuu waan hindandeenyeefidha.
Odeeffannoo b) keessattis jechi Afaan Oromootiin Ijaa jedhu Afaan Amaaraafi Afaan
Ingiliziidhaan, አይን fi Ayin jedhamanii argina. Bifuma walfakkaatuun, as keessattis addadda
ta’uunsaa waan tokko osoo hintaane waan garaagaraa akka bakka bu’utti sababa ilaalamuuf
sirrii miti. Kanaafuu, fedhii abbichaarratti hundaa’uun Afaan Oromootiin kan barreeffame kan
Afaan Amaaraafi Afaan Ingiliziitiin barreeffamee wajjin walfakkaachuudhaan Ayin
jedhamuutu irra ture. Yookiin kan Afaan Amaaraafi Afaan Ingiliziidhaan barreeffaman gara
kan Afaan Oromootti deebi’uudhaan walsimuu qabu.
Odeeffannoo c)rraa hubachuun akkuma danda’amu jechi Afaan Oromoofi Afaan Ingiliziitiin
Biftu (iddoo lamaanittuu haala tokkoon barreeffame) jedhu Afaan Amaaraatiin ፀሐይ kan
jedhutti jijjiiramee argama. As keessattis, akkuma duraanii maqaan jijjiiramuun waan
garaagaraa bakka bu’uu sababa ibsuuf gartokkotti deebi’uun barbaachisaadha. Kanaafuu,
Afaan Amaaraatiin kan adda ta’e kan Afaan Oromoofi Afaan Ingiliziidhaan walfakkaachuu
qaba. Yookiin kan Afaan lachuun tokko ta’e, kan Afaan Amaaraatiinis tokko ta’ee
barreeffamuu qaba. Haaluma kanaan, akka filannoo tokkootti bifa armaan gadiitiin sirraa’uu
danda’u.
26
a. Kilinika Yaala Ilkaanii Innaat Adaamaa
እናት አዳማ ልዩ የ ጥርስ ክሊኒክ
Enat Adama Dental Clinc
b. Mana Siree Ayin Adaamaa/Mana Keessummaa Ayin Adaamaa
አይን አዳማ የ እንግዳ ማረፊያ
Ayin Adama Guest House
c. Mana Barnootaa Biiftuu Adaamaa Oolmaa daa’immanii-10ffaa
የ አዳማ ፀሐይ ት/ቤት ከአፀደ ሕፃ ናት -10ኛ ክፍል
Biftu Adama School KG_10th
Grade
Fayyadama Jechoota Mijatoo Hintaane
Odeeffannoon mata-duree kana jalatti ilaalaman Afaan Amaaraa yookiin Afaan Ingiliziitiin
jechoonni ergaa dabarsuuf oolan, Afaan Oromoo keessatti bifa walfakkaatuun ergaa guutuu
kan hindabarsine ta’uudha. Odeeffannoon kunniin kanneen armaan gadiiti.
23. a) Studiyoo Suuraa Waligalaa Taayim
ታይም ፕሮፈሽናል ፎቶ ስቱዲዮ
Time Professional Photo Studio
b) Outoo Esprii Taammiruu
ታምሩ የ መኪና እቃ መለዋወጫ
c) Mana Qoricha Qaxaamura Dimaa Adaamaa
አዳማ ቀይ መስቀል መድኃኒት ቤት
Adama Redcross Pharmacy
d) Kuusaa Meeshaalee Bareesaa Seentraal
ሴንትራል የ ፅሕፈት መሣሪያ መደብር
Sentral Stationery
e) Mana Qorriichaa Dukkaanaa
Drug Store
f) Meeshaalla Gurgurtaa Farnichaara Fii Eleektiironikssii Akiiyaa
አኪያ ጠቅላላ የ ስፕሪንግ ፍራሽና የ ፈርኒቸር ዉጤቶች መሸጫ ኃ.የ ተ
Odeeffannoo jalqabaa keessatti Afaan Oromootiin jechi waliigalaa jedhamee taa’e, Afaan
Amaaraafi Afaan Ingiliziitiin ፕሮፈሽናልfi Professional jedhamuun duraaduubaan bakka bu’ee
jira. Haata’umalee, jechoonni kunniin bakka walbu’uuf mijatoo miti. Jechi waliigalaa jedhu
baay’ina hojichaa ibsa. Jechi professional jedhu ammoo, ogummaa hojichaa wajjin walqabata.
Kanaafuu, Afaan Oromootiin kan barreeffames gara isa afaanota lachuutiin ibsametti deebi’uun
Piroofeeshinaal(i) jedhamee barreeffamuutu gaariidha.
Bifuma walfakkaatuun, odeeffannoo lammataa keessattis outoo Esprii kan jedhu gaalee Afaan
Oromoo miti. Beeksisoota tokko tokko keessatti meeshaalee jijjiirraa konkolaataa jedhamuun
27
Afaan Oromootti jijjiiramee faayidaa kennaa jira. Fakkeenyaaf, odeeffannoo 5d ilaaluun
nidanda’ama. Jecha kanaan bakka bu’uun isaas ergaa dabarsuuf mijataadha. Kanaafuu,
odeeffannoo kana keessatti ergaa barbaachisu dabarsuu waan hindandeenyeef, akkuma
kanneen biroo keessatti ibsameen tokko ta’uun Meeshaalee Jijjiirraa Konkolaataa Taammiruu
jedhamee barreeffamuu danda’a.
Odeeffannoo sadaffaa keessatti gaaleen Qaxaamura Dimaa jedhu ergaa barbaadame dabarsuuf
mijaawaa miti. Sababnisaa, Afaan Oromoo keessatti jechi qaxxaamura jedhu waan tokko waan
biroo qaxxaamuruu (darbuu) mul’isa. Qaxxaamura Diimaa yeroo jedhamus waan diimaan
tokko qaxxaamuruu ibsa. Afaan Ingilizii keessatti jechi cross jedhu hiika qaxxaamuruufi
fannoo jedhaman lamaaniif oola. Afaan Oromoo keessatti garuu qaxxaamuraafi fannoon
garaagara. Afaan Amaaraatiin መስቀል kan jedhus Afaan Oromootiin fannoo kan jedhuun bakka
bu’a. Kanaafuu, yaanni darbuu barbaadames kanaa wajjin walqabata; akkasumas, fannoo
diimaa kan jedhu asxaa beeksisicharra jiru salphumatti waan bakka bu’uuf, Mana Qorichaa
Fannoo Diimaa Adaamaa yoo jedhame dhaamsa sana dabarsuuf irra caalaa mijaawaa ta’a.
Odeeffannoo afraffaa keessatti yaanni Afaan Oromootiin Meeshaalee Bareesaa jedhu kan
Afaan Amaaraatiin የ ፅሕፈት መሣሪያ jedhuufi kan Afaan Ingiliziitiin Stationery jedhu bakka
hinbu’u. Kan ibsamuu barbaadame meeshaalee barreeffamaaf oolanidha. Kanaafuu, Kuusaa
Meeshaalee Barreeffamaa Senteraal(i) yoo jedhame gaarii ta’a.
Odeeffannoo shanaffaa keessatti Mana Qorriichaa Dukkaanaa kan jedhu Afaan Ingiliziitiin
Drug Store kan jedhuun bakka bu’ee jira. Haata’umalee, odeeffannoo kana keessatti jechi
mana jedhuufi dukkaana jedhu lamaanuu dhimmuma tokko ibsuuf oolu. Mana Qorichaa
yookiin Dukkaana Qorichaa jedhamuu danda’a. Kanaafuu, jechi mana jedhuufi dukkaana
jedhu beeksisa kana keessatti irradeebii hinbarbaachifne waan ta’eef, bifa lamaan olitti ibsaman
keessaa tokkotti yoo sirrate gaarii ta’a. Haaluma walfakkaatuun, odeeffannoo lakkoofsa tokko
(1) yookiin beeksisa waa’ee lotorii ilaallatu keessatti irradeebii hinbarbaachifnerratti ibsi waan
kennameef isa ilaaluunis nidanda’ama.
Odeeffannoo ja’affaa keessatti jechi Eleektiironikssii jedhu tajaajila tokko malee taa’ee jira.
Sababnisaa, akka qoratichi argettis manicha keessatti tajaajilli kennamaa jiru Firaashaafi
meeshaa mukarraa tolfaman gurguruudha. Afaan Amaaraatiin kan barreeffame keessattis yaada
Elektirooniksii wanti ibsu tokko hinjiru. Kanaafuu, Meeshaalee Gurgurtaa Farniicharaafi
Firaasha Ispiriingii Akiiyaa ta’ee yoo barreeffame gaarii ta’a.
Dhaabbii Dhabuu Jechootaa
Beeksisoota Afaan Oromoo taappeellaa magaalaa Adaamaa keessatti garaagarummaan jijjiirraa
yaada walfakkaataa tokkoof yeroo kennamu argina. Fakkeenyaaf, odeeffannoo armaan gadii
haalaallu.
24. a) Gast Haawusii Aalfaa
b) Matikoof Kaaffeefi Gasti Haawos
c) Mana Kessummaa Adaamaa Boruu
28
Odeeffannoo tokkoffaafi lammaffaa keessatti Gast Haawusii kan jedhu odeeffannoo sadaffaa
keessatti mana keessummaa kan jedhuun bakka bu’amee argina. Kanneen bifa walfakkaatuun
gara Afaan Oromootti deebisnee yoo keenye dhiibbaa waan qabu miti. Inumaayyuu ergaa isaa
caalmaatti ifa godha waan ta’eef, Mana Keessummaa Aalfaa, Kaaffeefi Mana Keessummaa
Maatiikoof jedhamanii yoo taa’an gaarii ta’a.
Bifuma wal-fakkaatuun, odeeffannoo armaan gadiis haalaallu.
25. a) Outoo Esprii Taammiruu
b) Meeshaale Jijjiiraa Konkolaataa Tasiffaa
Odeeffannoo jalqabaa keessatti gaaleen Outoo Esprii jedhu gaalee Afaan Oromoo waan
hintaaneef, namni Afaan Oromoo qofa beeku tokko jecha Taammiruu jedhu maqaa namaa
ta’uu qofarraan kan hafe homaa tokko hubachuu hindanda’u. Haata’umalee, akkuma
odeeffannoo lammaffaa keessaatti jijjiiramuun Meeshaalee Jijjiirraa konkolaataa Taammiruu
yoo jedhame ergaan isaa ifa ta’a. Akkasumas, dhaabbii qabaata.
Fayyadama Jechoota Ifa Hintaane
Jechoonni ifa hintaane sababoota garaa garaatiin kanneen uumamanidha. Mee odeeffannoo
gadii haalaallu.
26. a) Mana Fooni Miliiyeem
ሚሊኒየ ም ሥጋ ቤት
b) Hoteela Initree.Sisaay
ሲሳይ ኢንተርናሽናል ሆቴል
Sisay International Hotel
c) T.House Kaffee Fi Restoorantii
ቲ ሀዉስ ካፌና ፋስት ፉድ
d) Shurrabbaa Masii
መሲ ሹሩባ
e) Barii Fi Reestooraantii Qulbii
ቁልቢ ሬስቶራንት
Odeeffannoo jalqabaa keessatti jechi Miliiyeem jedhu ifa miti. Jechi kun maddisaa Afaan
Oromoo ta’uu haabaatuyyuu malee qubeen isaa akkaataa jecha sana bakka bu’uu danda’uun
barreeffamuu qaba. Kanaafuu, Mana Foonii Miliiniyeemii jedhamee yoo barreeffame ifa ta’a.
Odeeffannoo lammataa keessatti jechi Initree jedhu guutee waan hinbarreeffamneef, ergaa
yaadame hindabarsu. Kanaafuu, akka ifa ta’uuf jechi sun guutuu ta’ee barreeffamuu qaba.
29
Kunis, akkuma Afaan Amaaraafi Afaan Ingilizii keessaatti Afaan Oromootiinis Hoteela
Internaashinaalii Sisaay jedhamee ifa ta’uutu irra ture.
Odeeffannoo sadaffaa keessatti T.House kan jedhu caasaa Afaan Oromoo hordofee
hinbarreeffamne. Akkuma jirutti caasaa Afaan Ingilizii waan hordofeef, ifa miti. Kanaafuu,
gara caasaa Afaan Oromootti deebi’uun T. Haawusii jedhamee barreeffamuun ifa ta’uu
danda’a. Walumaagalatti, duraa duuba jechootaa dabalatee sirraa’uun Kaaffeefi Restooraantii
T. Haawusii yoo jedhame gaarii ta’a.
Odeeffannoo afraffaa keessatti dhaamsi darbuu barbaade ifa hintaane. Jechi Shurrabbaa jedhu
Shurrubbaa rifeensa mataa haata’u, shurraaba kan uffatamu haata’u waan ibsuu barbaade
addaan hinbaasu. Kanaafuu, qubeen isaa sirraa’uun akkaataa hawaasni fayyadamuun ifa ta’uu
barbaachisa. Kunis, tajaajila miidhagina rifeensaa achitti waan kennaniif, Mana Miidhaginaa
Masii yoo jedhame irra caalaa ifa ta’uu danda’a. Akkuma jirutti ergaa dabarsuun yoo
barbaachise ammoo Mana Shurrubbaa Masii ta’uu danda’a.
Odeeffannoo shanaffaa keessattis jechoonni Bariifi Qulbii jedhan ifa miti. Kunis, sababa
dogoggora qubeerraa kan ka’edha. Jechi barii jedhu Afaan Oromoo keessatti yeroo ibsa. Kunis,
ganama jechuudha. Jechi kunimmoo as keessatti faayidaa hinqabu. Jechi qulbii jedhummoo
homaa hiika hinkennu. Kanaafuu, qubeen isaanii sirraa’uun Baariifi Reestooraantii Qullubbii
jedhamee barreeffamuutu irra ture.
Yaada Hanquu Kandabarsan Fayyadamuu
Beeksisoonni taappeellaa Afaan Oromoo magaalaa Adaamaa tokko tokko ergaan isaanii yaada
Afaan Amaaraatiin yookiin dhaamsa Afaan Ingiliziitiin darbuu barbaade wajjin tokko miti.
Hanqinni yaadaa keessatti nimul’ata. Kunis, dogoggora jijjiirraa keessaa tokkotti fudhatamuu
danda’a. Odeeffannoo hanqina kana qaban kanneen armaan gadii haalaallu.
27. a) Wirtuu Leenjii Compiiteraa
Net Com Technology
b) ልዩ ፈጢራና ቁርስ
Faxirraa Fii Cirree
c) Mana Suuraa Cilic
Digital Studia
ክሊክ ዲጂታል ስቱድዮ እና ቪዲዮ
d) Mana Fonnii Keeri Yihuun
ኬር ይሁን ቁርጥና ክትፎ ቤት
f) Gurgurataa Dibata fi Zeyitaa
ሙሴ የ ተለያዩ የ መኪና ዘይትና ቅባቶች
g) Akaadaamii Deeystaar
Daystar International Academy
h) Mana Nyaataa Nigaattii
ንጋት ምግብ ቤት እና ካፌ
30
Akkuma odeeffannoo armaan olitti tarreeffaman kanniinirraa hubachuun danda’amu sababa hanqina
jijjiirraa garaagarummaan dhaamsa darbuu barbaadamee, afaan tokkoo kan biroo gidduutti nimul’ata.
Fakkeenyaaf, odeeffannoo jalqabaa keessatti Afaan Oromootiin wirtuun sun kan leenjiin kompuutaraa itti
kennamu ta’uu ibsa. Afaan Ingiliziitiin kan barreeffame garuu waa’ee leenjii kompuutaraa waan kaasu
hinqabu. Waa’ee teeknooloojii dubbata. Kanaafuu, dhaamsa Afaanota lamaaniin darbuu barbaade
gidduu garaagarummaan jira. Innis, garaagarummaa waan ibsamuu barbaadameeti. Kanaafuu, dhaamsa
walmadaalu afaanota lamaaniinuu dabarsuun barbaachisaa ta’a.
Odeeffannoo lammaffaa keessatti kan Afaan Amaaraatiin ibsame keessa jechi ል ዩ jedhu kan Afaan
Oromoo keessatti hinmul’anne. Kunis, hanqina yaadaa mul’isa. Kanaafuu, Faxiiraafi Ciree Addaa
jedhamee yoo barreeffame walmadaaluu danda’a.
Odeeffannoo sadaffaa keessatti Afaan Oromootiin Mana Suuraa Kiliik ta’uutu hubatama. Innuu qubeen
achi keessa jiru rakkoo waan qabuuf, sirraa’uun ta’a. Kan Afaan Ingiliziitiin ibsame keessattimmoo,
Istuudiyoo Dijiitaalaa akka ta’etti hubatama. Kan Afaan Amaaratiin ibsame keessatti garuu, Istuudiyoo
Dijiitaalaafi Viidiyoo Kiliik ta’uu dabarsa. Kunimmoo sababa hanqina jijjiirraa, garaagarummaan
dhaamsaa afaanota sadan gidduutti mul’achuu agarsiisa. Kanaafuu, ergaan walfakkaataa jijjiirraa
keessatti murteessaa waan ta’eef, akka walsimatu taasisuun barbaachisaadha.
Odeeffannoo afraffaa keessatti, Afaan Oromootiin Mana Foonii Keeri Yihuun ta’uutu ibsame. Afaan
Amaaraatiin garuu, Mana Foonii Murataafi Kitifoo ta’uu addaan baasee kaa’a. Kunis, garaagarummaa
waan qabuuf, gartokkotti dhufuun barbaachisaa ta’a.
Odeeffannoo shanaffaa keessatti Afaan Oromootiin gurgurtaa dibataafi zayitaa qofatu ibsame. Afaan
Amaaraatiin garuu dibataafi zayita addaddaa konkolaataaf oolu qabeenyummaan isaas kan Musee ta’uu
addaan baasee ibsuu hubanna. Akkuma yaadolee lamaanirraa agarru Afaan Oromootiin
fayyadamuurratti zayitaafi dibanni sun tajaajila kamiif akka oolu hinibsamne. Gamabirootiin, abbaan
qabeenyichaa kan Afaan Amaaraa keessatti ibsame Afaan Oromoo keessatti hinmul’atu. Kunis, hanqina.
Kanaafuu, kanniin hundi sirraa’uun Gurgurtaa Dibataafi Zayita Addaddaa Konkolaataa Musee yoo jenne
wal-simuu danda’a. As keessatti jechi gurgurtaa jedhu kan Afaan Amaaraa keessattis ida’amuutu irra
ture.
Odeeffannoo ja’affaa keessatti Afaan Oromootiin Akaadaamii Deey Istaar qofatu ibsamuuf yaalame.
Haata’umalee, Afaan Ingiliziitiin Akkaadaamii Deey Istaar Internaashinaalii ta’eetu ibsame. Akka
beeksisaatti jechi kun keessaa hafuun sirrii waan hintaaneef, guutuu ta’ee jijjiiramuun barbaachisaadha.
Odeeffannoo xumuraa keessatti Afaan Oromootiin Mana nyaataa Nigaati ta’uu qofa ibsa. Afaan
Amaaraatiin garuu mana nyaataa qofa osoo hintaane, tajaajila kaaffees dabalataan kan kennu ta’uu ibsa.
Kanaafuu, kunis dhaamsa wal-fakkaatutti sirraa’uun barbaachisaa ture.
Dhimma kana ilaalchisee akkan barreessitoota beeksisaa tokko tokkorraa hubachuu danda’etti, qubee
Afaan Oromootti fayyadamanii barreessuun iddoo baay’ee waan fudhatuuf, jechoota kan keessaa
hambisan ta’uu ibsu. Gama birootiin, odeefkennitoonni tokko tokkommoo baay’achuun qubee Afaan
Oromoo beeksisa barreessuu keessatti kan isaan fayyadu ta’uu ibsu. Sababnisaa, kanfaltiin yeroo tokko
tokko kan raawwatamu baay’ina qubee barreeffamuurratti waan hundaa’uuf akka ta’e kaasu. Namoonni
tokko tokkos hanga fedhe yoo baay’ateyyuu keessaa hafuu akka hinqabneefi yoo keessaa hafes, ergaa
darbu miidhuu kan danda’u ta’uu dhiheessu. Kanaafuu, waan fedheyyuu ta’u beeksisa keessatti
31
dhaamsa barbaadame haala gaariitiin dabarfachuuf, jechootas ta’e qubee, keessaa hambisuun gaarii
waan hintaaneef, qulqullinaan eeggatanii barreessuun yookiin fayyadamuun barbaachisaadha.
Madda Dogoggora Fayyadama Afaanii Beeksisoota Taappeellaa
Magaalota Naannoo magaalaa guddittii Oromiyaa Finfinnee.
Armaan olitti rakkooleen fayyadama afaanii beeksisoota taappeellaa garaa garaafi deebiin af-gaaffii
qaamolee garaagaraarraa argaman xiinxalamanii jiru. Kana jalattimmoo madda rakkoolee kanneeniitu
ibsama. Maddi dogoggora fayyadama afaanii hedduu ta’anis muraasi asii gaditi ibsamaniiru.
Isaanis:Afaan Oromoorratti beekumsa dhabuu, dhiibbaa beekumsa afaan biroo (Afaan Amaaraafi Afaan
Ingilizii), Xiyyeeffannaa kennuufii dhabuufi sababa Oromoon lafasaarraa dhiibamuun sabni biraan
Finfinnee qabachuutiindha.
Afaan Oromoorratti Beekumsa Dhabuu
Odeeffannoo daawwannaafi af-gaaffiidhaan argamanirraa akkuma hubachuun danda’ametti,
barreessitoonni beeksisaa Afaan Oromoorratti barreessan dhalataa Oromoo kan hintaaneefi beekumsa
Afaan Oromoo warreen hinqabne garuu beeksisa barreessuudhaan galii guyyuu argatanidha. Akka
barreessitoonni beeksisaa deebii kennanitti sadarkaan barumsaa isaanii kutaa 12ffaa kan xummuraniifi
gosa barumsa birootiin Dippiloomaas kan baratan akka jiranidha. Haata’u malee, Afaan Oromootiin
barreessuurratti beekumsa kan hinqabne ta’uu mirkaneessanii jiru. Gamabiraatiin, beeksisoota
taappeellaa daawwatamanirraa mirkaneeffachuunis nidanda’ama.
Dhiibbaa Beekumsa Caasaa Afaan Biroo (Afaan Amaaraafi Afaan Ingilizii)
Beekumsi caasaa afaan tokkoo afaan birootiif ooluu dhiisuu danda’a. Afaan kamiyyuu seeraafi caasaa
mataasaa danda’e waan qabuuf. Barreessitoota beeksisaatiinis ta’u kanneen isaan gargaaraniin caasaan
Afaan Ingiliziifi caasaan Afaan Amaaraa barreeffama Afaan Oromootiif yeroo oolu argina. Kun ammoo
maddisaa beekumsa Saaynsii xiinqooqa Afaan Oromoo wallaaluurraa kan maddedha.
Dhiibbaa Beekumsa Caasaa Afaan Oromoo Duraanii
Afaan Oromoo duraan (qorannoon osoo irratti hingeggeeffamiin) haala garaagaraatiin barreeffamaa ture.
Fakkeenyaaf, akka Afaan Oromoo tajaajila garaagaraa kennuu eegaleen dhamjechoonni hirkatoon irraa,
dha, hin-,… jedhaniifi walqabsiistuun ‘fi’ barreeffamoota Afaan Oromoo garaagaraa keessatti ofdanda’anii
tajaajila kennaa turan. Ammas darbee darbee barreeffamoota Afaan Oromoo tokko tokko keessatti
muuxannoo duraaniirraa kan ka’e mul’ataa jira. Beeksisoota taappeellaa magaalota naannoo Finfinnee
keessattis kanuma argina. Gabaabumatti, walqabsiistuun ‘fi’ jecharraa siqee yookiin ofdanda’ee
barreeffamuu isaatiif sababa kan ta’e dhiibbaa muuxannoo duraanii ta’uu hubanna.
Xiyyeeffannaa Kennuufii Dhabuurraa
Madda dogoggora fayyadama afaanii beeksisoota taappeellaa naannoo Magaalota Finfineef sababa kan
ta’e inni biraan xiyyeeffannaa kennuufii dhabuudha. Gabaabumatti, barreessitoonni beeksisaafi
maamiltoonni waan barreeffameef xiyyeeffannoo kennuun irra deebi’anii ilaaluufi qaama dhimmi ilaallatu
leenjii garaagaraa kennuun ga’umsa isaanii cimsuurratti xiyyeeffannaan jiru laafaa ta’uu nutti agarsiisa.
Ogummaa leenji'aniin hojjechuu dhabuu
Yeroo ammaa kanatti kan baay'inaan mul'ataa jiru namni gita leenjii fudhateerratti ramadamee hojjechuu
dhabuun bal'inaan mul'ataa jira. Keessumattuu namootiin Yunivarsiitii Oromiyaa hedduurraa Ogummaa
32
saaynsii XinqooqaAfaan Oromootiin leenji'anii bahan utuu jiranii namni tasumayyuu afaan sanaan
muuxannoo hinqabneefi lammiidhumaanuu Oromoo kan hintaaneetu beeksisoota kana barreessuun galii
ittiin argataa jira.
Sababa baay'achuu sabaaf sablammii Biroofi dhiibamuu Oromoo
Yeroo ammaa kana Finfinneefi naannoo Finfinnee irra caalaatti kan qabatee jiru saba Oromoon ala
ta'edha. Sabni dhufee as qubate kun ammoo abbaa biyyaa kan ta'e Oromoorraa lafa bituun manneen
daldalaa garaagaraafi wantoota biroo gaafa ijaaru jaalala Afaan Oromootiin barreessuu waan hinqabneef
afaanichi ittuu akka badurratti hojetaa jira. Kun yeroo ammaa kana Afaan Oromoo quucarsuudhaaf
madda isa hamaa ta'ee argameera.
CUUNFAAFI YAADA FURMAATAA
Kutaa kana jalatti qabxiileen ijoon armaan duratti ka’an cuunfamanii jiru. Akkasumas, argannoorratti
hundaa’uun yaada furmaataa ta’uu danda’a kan jedhames dhiyaatee jira.
Cuunfaa
Kaayyoon qorannoo kanaa xiinxala qulqullina barreeffama Afaan Oromoo; beeksisoota taappeellaa
magaalota naannoo Finfinnee keessaarratti kan xiyyeeffatedha. Kaayyoo kana galmaan ga’uuf
barreeffamoonni Afaan Oromoo taappeellaa magaalta naannoo Finfinnee daandiiwwan gurguddoorratti
argaman xiyyeeffatamaniiru. Haaluma kanaan, jalqaba rakkooleen addaan ba’anii daawwatamanii jiru;
akkasumas, odeeffannoon barbaachisu funaanamaniiru. Kunis, daawwannaafi af-gaaffii qophaa’eenidha.
Achiinbooda, odeeffannoon funaanaman qindaa’anii jiru. Dhumarratti, odeeffannoon qindaa’an
xiinxalamuun; akkasumas, mala akkamtaatti fayyadamuun qaacceffamanii jiru.
Haaluma kanaan, beeksisoota taappeellaa magaalota naannoo Finfinnee keessatti hanqinoonni
fayyadama Afaanii mul’atan addaan ba’anii jiru. Rakkooleen kunniinis, kan caasaa (duraa duuba
jechootaa eeguu dhabuu, walqabsiistuu ‘fi’ akka of danda’aatti fayyadamuu), dogoggora qubee (qubee
guddaafi qubee xiqqaa iddoo malee fayyadamuu, dubbifamaa iddoo malee jabeessuufi laaffisuu,
dubbachiistuus dheeressuufi gabaabsuu, dogoggora irrabutaa, dogoggora hudhaa, dogoggora qubee
Afaan Oromoo addaan baasuu dhabuufi) hanqina jijjiirraa (hanqina jijjiirraa maqaa, fayyadama jechoota
mijatoo hintaane, dhaabbii dhabuu jechootaa, fayyadama jechoota ifa hintaaneefi yaada hanquu kan
dabarsan fayyadamuufaadha).
Kanumaan wal-qabatee, maddi rakkoolee kanneeniis bira ga’amanii jiru. Kunis, Afaan Oromoorratti
beekumsa dhabuu, dhiibbaa beekumsa caasaa Afaan biroo (Afaan Oromoofi Afaan Ingilizii), dhiibbaa
beekumsa caasaa Afaan Oromoo duraanii, ogummaa saaynsii Afaan Oromoo kan hinbaratiin hoii kanatti
bobba'uu, xiyyeeffannaa kennuu dhabuufi Oromoon irraa jalaan naannoo Finfinneerraa dhiibamuudha.
Walumaagalatti, barreeffamaan ergaa barbaadamu tokko dabarfachuuf, fayyadama Afaanii
dogoggorarraa bilisa ta’etti dhimma ba’uun barbaachisaa ta’uun isaa beekamaadha. Kanaafuu,
fayyadama dogoggora qubee Afaan Oromootiin jiru qubee iddoo sirrii ta’etti dheeressuufi gabaabsuun,
jabeessuufi laaffisuun; akkasumas, irrabutaafi hudhaa haalaafi iddoo barbaachisu qofatti fayyadamuun
barbaachisaadha. Dhamjechoonni hirkataas jechootatti maxxanuun, kanneen ofdanda’animmoo
ofdanda’anii kophaa dhaabbachuun barreeffamuu qabu. Jijjiirraa ilaalchisees, akkaataa ergaa guutuu
33
dabarsuu danda’uun raawwatamuu qaba. Kanneen jijjiiramuu hinqabnes qajeelfama jijjiirraa hordofuun
hafuu qabu. Kana ta’uu baannaan, beeksisa keesatti ergaan darbuu barbaadame haala barbaadameen
darbuun hafee nijijjiirama. Hubatamuufis rakkoo ta’a. Kun ammoo adeemsa keessa afaan guddaa biyya
kanarratti hangafummaasaa mirkaneeffataa jiru kana miidhuu danda'a waan ta'eef furmaanni ataattamaa
kennamuudha qaba. Yaada furmaataa ta'a jedhamee kan yaadames kan armaa gadii kana ta'a.
Yaada Furmaataa
Dogoggora fayyadama Afaan Oromoo taappeellaa magaalota naannoo Finfinnee keessaa furuuf
gumaachi qaamolee garaagaraa murteessaadha. Kanneen keessaa kallattiidhaan barreessitoota
beeksisaafi qaama mootummaa dhimma kana ilaallatu; akkasumas, al-kallattiidhaan hojjettoota
miidiyaalee Afaan Oromoorraa, koree waaltina Afaan Oromoofi ogeeyyii afaanii maqaa dhahuun
nidanda’ama.
Barreessitoonni beeksisaa kallattiidhaan namoota hojii kanarratti bobba’anii jiran waan ta’aniif, amma
danda’ametti beekumsa Afaan Oromoo gonfachuun barbaachisaadha. Yoo ofiisaanii Afaan Oromoo
hinbeeknes qaama dhimmichi ilaallaturraa waan mirkanaa’ee sirriidha jedhamee itti kenname qofa
barreessuu qabu. Guutummaattis qaamni Oromoo hintaane tokko dhimma Afaan Oromoofi Oromoorraa
of qusachuudha qaba. Kanaaf ammoo Oromoon wantoota afaansaa quucarsan kanarratti qabsaa'uu
qaba.
Bifuma wal-fakkaatuun, qaamni mootummaa kallattidhaan dhimma kana ilaallatu sirreessuuf ga’ee
ol’aanaa qaba. Qaamni kun namoota ogummaa afaaniitiin leenji’an ta’uu qabu. Kunis, Afaan Oromoo
dubbachuu danda’uu qofaan osoo hintaane ittifayyadama caasaarratti gahumsa qabaachuu qabu.
Hordoffiin cimaa dhimma kanarratti kan godhamuu qabus qaama kanaanidha. Kanaafuu, fayyadama
Afaan Oromoorratti rakkoolee mul’atan maqsuuf qaamni kun iddoo guddaa qaba jechuudha.
Kana malees, hojjettoota miidiyaalee Afaan Oromoorraa hojjetanirraas gumaachi barbaadamu salphaa
miti. Sababnisaa, gama tokkoon, jechoota waaltawanitti fayyadamuun qilleensarra yoo oolchan namoonni
hedduun barachuu waan danda’aniifidha. Akkasumas, dogoggora fayyadama afaanii barreeffama
taappeellaa keessatti mul’atu beeksisuun, irrattis mariisisuun akka sirraa’u gochuufis ga’ee qabu.
Dabalataan, qaamni waaltina Afaan Oromoorratti hojjetus rakkoo kana furuuf ga’een isaanii laayyoo miti.
Jechoota haarawaa Afaan Oromootiin moggaasuun, yeroo yerootti dhiheessuun itti fufuu qaba. Hojii
isaanii keessatti kanneen taappeellaarratti barreeffamaniif xiyyeeffannaa kennuunis irraa eegama.
Kanneen moggaafamanitti fayyadamuun ammoo qaama hundarraa kan eegamu ta’a.
Gamabirootiin, ogeeyyiin afaanii addaddaa qorannoo geggeessuudhaan, galmee jechootaa
qopheessuudhaan, qajeelfamoota dogoggora uumaman ittiin madaalan qopheessanii gumaachuun
barbaachisaadha. Kanumaan wal-qabatee, hawaasni fayyadama Afaan Oromoorratti hubannoo karaa
ittiin argatan babal’isuun muteessaadha.
Gabaabumatti, qoratichi ibsa olii kanaan walqabsiisee yaada furmaataa ta’uu kanneen danda’an
qabxiilee armaan gadii lafa kaa’a.
Ga’umsa Afaan Oromoo namoota hojii beeksisaa barreessuurratti bobba’anii cimsuu. Kunis, yoo
xiqqaate dandeettii barreessuufi dubbisuu akka horataniif haala mijeessuu. Fakkeenyaaf, leenjii
kennuu, barnoota ga’eessotaa keessatti hirmaachisuufaadha.
34
Qaama mootummaarraa xiyyeeffannaan kennameefii, namoota hojii kanarratti IMXn ijaaramanii jiran
keessaa namni tokko fayyadama Afaan Oromoo kan beeku jiraachuu akka qabu mirkaneessuudha.
Yookiin hojii kanarratti namoota bobba’aniif eeyyamni yeroo kennamu nama caasaa Afaan Oromoo
beeku qabaachuu isaanii akka ulaagaa tokkootti hammachiisuun gaariidha.
Ogeeyyiin afaanii hojii beeksisaarratti akka hojjetaniif, qaamni ilaallatu hirmaachisuun
barbaachisaadha. Haaluma kanaan, namoonni kunniin akkaataa fayyadama Afaan Oromootiin
qindeessuun yookiin gulaaluun barreessitoota beeksisaa giddu galeessaan tajaajiluu akka danda’an
gochuudha. Kun gama tokkoon carraa hojiillee banuun madda galii waan uumuuf, itti
gaafatamummaa fudhatanii akka hojjetan taasisuun rakkoolee jiran furuuf ooluu danda’a.
Manneen barnootaa Afaan Oromootiin sadarkaa tokkoffaa hanga sadarkaa olaanaatti Finfinnee
keessatti yoo xiqqaate iddoo 20 olitti ijaaramuun barnoonni bilchina qabu hayyoota Oromoon
kennamuu qaba.
Sabni Oromoo Finfinneen isaaf magaalaa gudditttisaa waan ta'eef irraa dhiibamuu utuu hintaane itti
dhiibamuun abbaa biyyummaasaa mirkaneeffachuu qaba
Wabii
Abarraa Nafaa (gul.). (1995). Caasluga Afaan Oromoo. Jildii 1. Finfinnee: Komishinii Aadaafi Turiizimii Oromiyaatti Gumii Qormaata Afaan Oromoo.
Abiy Zegeye, and (et al.). (2009). Introduction to Research Methods: Preparatory Module for Addis Ababa University Graduate Programmes, Graduate Studies, and Research office AAU.
Addunyaa Barkeessaa. (2010). Natoo: Yaadrimee Caasluga Afaan Oromoo. Finfinnee: Mega Printing Press.
Adugna Barkessa. (2009). Terminology Related Problems in Teaching Afaan Oromoo. German: Vdm Publishing House.
Ann, Raimes (1985). Expolring through Writing. New york
Askale Lemma. (1998). Some Points on Oromo Orthography. In Interdisciplinary Seminar of Ethiopia Studies 1st Nazareth, pp. 323-337.
Bagga, B. (2007). Encyclopedia of Mass Media. India: Animol publications Pvt, ltd.
Baker, R. and Phillips, B. (1986). The sampler Patterns for composition. Lexington. D.C .health and company.
Baker, R. and Phillips, B. (1986) The sampler. Patterns for composition. Lexington. D.C health and company.
Bonn Byrne (1988). Teaching Writing skills :London and new work.
Bovee, C. and Arens, W. (1989). Contemporary Advertising. Chicago: Irwin home wood, Illinois.
Byrone, D (1988) Teaching writing skills. London & New York: Longman
Clark, L., Zimmer, K. and Tinervia, J. (1994). Business English and Communication, 8th ed. New York: Glencoe Mc Graw, Hill.
35
Crystal, D. (1997). The Cambridge Encyclopaedia of language. Cambridge: Cambridge University Press.
Cunningham, P.M.(2000) Phonics They use: Words for Reading and Writing. Third Edition Longman: Addison- Wesley Educational Publishers Inc.
Cushman, R. and Pitman, A. (1993). Kleppner’s Advertising Procedure, 12th ed. New York: Prentice Hall, Englewood Cliffs, New Jersey.
Daniel, J.P. (2000). Translation. University of cd. Del Carmen, Campeche, Mexico. Retrived on November 18, 2011, http://translationdirectory.com/article414.htm
Dastaa Dassaalany. (2002). Bu’uura Qorannoo. Addis Ababaa: Dhaabbata Maxxansaa Boolee.
Diyanni, R. and Hoyll, P. (1998). The Scribner Handbook for Writers, 2nd ed. Boston: Allyn and Bacon.
Dodds.J and Rink, H. (1998). the Ready Reference Hand Book Allyn and Bacon. William Rainey Harper college.
Ezor Edwin and Lewis Jill. (1984). From paragraph to Essay. Aprocess Approch for Beginning college writing. NewYork.Mc Graw- Hill,Inc.
Fowler, R. (1978). Understanding Language: London: Routledge and Kegan Paul Publishers.
Gadaa Melbaa. (1988). Oromia: An Introduction. Khartoum, Sudan.
Gallo, J and Rink, H (1973) Newyork sharping college writing paragraph and Essay. Harcourt Brace Jovanovich, inc.
Garman, M. (1990). Psycho Linguistics. New York: Cambridge University Press.
Geremew Lemu. (1999). A study of the Requirments in writing for Academic purposes at Addis Ababa University. Four Departments in Focus: Addis Ababa; Addis Ababa University.Unpublished PhD. Dessertation.
Getnet Tezazu. (1993). The Responding behaviour of Sophomore English instructors of Addis Ababa University to students writing. Addis Ababa: Addis Ababa University, un published MA Thesis.
Glencoe.(1996). Writer’s Choice. Grammar and Composition. Printed in USA.
Gorell, M.R. and Laird. (1967). Modern English Hand Book, 4th ed. London: Prentice Hall Inc.
Goshgarian, G. (ed.). (2001). Exploring Language, 9th ed. New York: Addison Wesley Educational Publishers, Inc.
Gragg, G. (1976). “Oromo of Wollega.” In The Non Semantic Language of Ethiopia, ed. M.L. Bender, pp. 166-195. East Lansing. Michigan: Michigan State University Press.
Grundy Peter (1991): Writing for study Purposes. Combridge
Guth,H.P . (1989). The Writer’s Agenda. San Jose state University: Wadsworth Publishing Componey California: USA.
Harid, C. (1996). Careers in Marketing Advertising and Public Relations. London: Logan Page Ltd.
Harmer, (1991). The practice of English Language Teaching. Longman, New edition , Printed in Malsyia.
36
Hawariat Petros. (2006). “The Portrayal of women in Billboard Advertising.” Addis Ababa University (Unpublished MA Thesis).
Hedge, T,(2000). Teaching and Learning English. Londen : Long man UK Group Ltd.
Hillocks George.(1986). Research on Written Compoistion. New Direction for Teaching: Printed in USA.
Hjelmslev Lous. (1970). Language An Introduction. New York: George Banta Company, Inc.
Hyward, R. and Mohammed Hassen. (1981). The Oromo Orthography of Sheik Bakri Sapalo. Bulletin of the School of Oriental and African Studies Vol.xliv part 3 University of London.
J. Ralion.Nelson (1952): Writing Thecnical Report. New York
Jupp, Victor. (2006). The Sage-Dictionary Of Social Research Methods. London: Pine Forge press.
Michael, c.and etal.(2002). Teaching Through Text: Reading and Writing in the content Areas. A pearson Education Company. Boston: USA.
Misgaanuu Gulummaa (2011b). SANYII:Ogummaa Dubbisuu. Subi Printing press. Finfinnee.
Misgaanuu Gulummaa .(2012). KATTAA: Ogummaa Barreessuu.
Raimes Ann. (1983). Techniques in Teaching writing. Oxford: Oxford university press.
Richard veit and etal.(1990). Writing,Reading and Research. Second Edition. Printed in USA.
Susan Day,(1979): The Writing Work Book. New York
Thomes E. Tyrne (1987): College Writing Basics. Work worth Publishing Company.
Thornbury scott (2002): How to teach vocabulary: Long man.
Ur, P. (1996). A Course in Language Teaching. Cambridge: Cambridge University Press.
White,R.V.(1980). Teachers Written English. London:Heineman Educational Books Ltd.
Wiener, S. Harvey. Creating Compositions. 1984. New York. Toronto
37
ODEEFFANNOO SUURAA QINDAA’E
1. DOGOGGORA CAASAA AFAAN OROMOO
1.1. Dogoggora Qubee
1.1.1. Qubee Xiqqaafi Qubee Guddaa Iddoo Malee Fayyadamuu
1.1.2. Dogoggora Dubbachiistuu Dheeressuufi Gabaabsuu
38
39
40
1.1.3. Dogoggora Dubbifamaa Jabeessuufi Laaffisuu
41
1.1.4. Dogoggora Irrabuta Ilaallatu
42
43
1.1.5. Dubbifamaa Lama Jalqabaafi Dhuma Jechaarratti Fayyadamuu
44
1.1.6. Dogoggora Qubee Afaan Oromoo Addaan Baasuu Dhabuu
45
46
47
1.1.7. Fayyadama Hudhaarratti Hanqinoota Mul’atan
1.2. Dogoggora Fayyadama Jechaa
1.2.1. Walqabsiistuu ‘fi’ Akka Ofdanda’aatti Fayyadamuu
48
1.2.2. Hanqina Duraaduuba Jechaa
49
2. Dogoggora Jijjiirraa
2.1. Hanqina Jijjiirraa Maqaa
50
2.2. Jechoota Mijatoo Hintaane
51
2.3. Dhaabbii Dhabuu
2.4. Jechoota Ifa Hintaane
52
2.5. Yaada Hanquu Kan dabarsan
53
*Hub. Suuraawwan armaan olii kun ta'e jedhamee duula afaan Oromoo quucarsuuf hojjetamaa jiru ta'uu
Oromoon akka hubatuu qorannoon kun ifatti agarsiisa!