faayidaa fi rakkoolee bosonatti dhiheenyaan jiraachun ... word - factsheet 2 oromifa forest services...

1
Madda: Dorresteijn, I. et al., forthcoming “Social-ecological system properties for food security and biodiversity” Factsheet Nr. 2, 1 September 2016 Odeeffanno dabalataaf Prof. Joern Fischer, Leuphana, Germany Email: [email protected] Web: http://foodandbiodiversity.wordpress.com/ Faayidaa fi rakkoolee bosonatti dhiheenyaan jiraachun walqabatee jiran Bosonnii madda bu’ura jireenya ummataati. Muka qoraanii, ijaarsaa, meeshaallee manaafi qonnaa ta’an irraa hojetamu akkasumas qorichaa fi mi’essitu adda addaa kenna. Dabalataanis, omishnii bunaa fi dammaa bosona irraa argamu madda galii qarshii itiin argatanidha. Haata’u malee, bosonnii bineensota akka jaldessaa, karkarro, booyyee, qeerransaafi kan kana fakkataniif bakka mana jirenyaa ta’udhaan midhaanifi loon ummataa akka nyaatame manca’u sababa ta’udhan rakkina uuma. Wal madaalumsa faayidaa fi rakko bosonaa qorachuf, abbotii warraa 200 Zonii Jimmaa keessaa haasofisisne turre. Abbotiin waraa, kesumaayu bosonatii dhiyoo jiraatan midhaanii fi horiin isaani bineensota bosonaan waan manca’uf rakkina wabii midhaan nyaatatin of-danda’u dhabudhaf akka saaxilaman gabaasanii jiru. Dabalataanis, barbaachisummaan eegumsa bineensota bosonaa ofirraa ittisuf godhamun dhibeef fakkenyaaf mataa bowwoo fi hirriba dhabuf akka isaan saaxile eerani jiru. Rakkoon kun yeroo tokko tokkoos sababa waldhabdee ummataa umu isaa, ijoolleefi ga’essonni akka barumsa isaanii hin baranne gochuu isaa, hojiiwwan galii qarshii argamsiisan irraati akka isaan hin hirmaanne godhu isaati fi ittii fayyadama tekinolojii qonnaa ammayyaa isaan biratti fudhatama akka dhabsiise gabaasanii jiru. Rakkoleen bosonaan walqabatee umaman kun abbootii warraa hundaafu walqixa yoomu mudatan, faayidaan bosona irraa argamu garuu abbootii warraa jidutii garaagarumitii qaba. Garreen abbootii warraa xinno ta´an faayidaa guddaa, kesumaayyu omisha bunaa fi dammaa irraa argatu. Uummanni bosona irraa fagaatee jiraatu rakkon bineensota bosonaa irraa isaan mudatu xinnaa yeroo tahu faayidaan argatanis xinnaa dha. Wantii namatti tolu, rakkoon bineensota bosonaa daran hammaataa ta’ulle, ilaalchi uummanni bosonaaf qabu gaarii fi daran guddaa dha. Uummatichi bosona madaale bakka guddaa kan kennef meeshaalee yokaan faayidaa irraa argatun, tajaajila to’annaa qillensa naannoo fi ittisa dhiqaminsa biyyoo godhuni, akkasumas iddo bashannanaa yokaan sammuu isaani ittiin haaromsifatan ta´u isaatiini dha. Qorannon keenya rakkoo bineensota bosonaa ittisuf fallii barbaadamuu akka qabu mirkaneesse jira. Akkasumas garaagarumtiin faayidaafi rakkoo bosonaa wal-qixxummadhan abbootii warraa jidduutti hirmaatamu akka qabu mirkaneessee jira. Dhaamsa ijoo Uummanni bosona madda bu’uura jireenya isaa godhate itti maxanus, bineensonni bosonaa garuu rakkoo guddaa isaanirraan gahaa jiru. Abbootiin warraa bosonatti dhihoo jiraatan hundu mudannoo rakkoo bineensota bosonaa wal-qixa qabu. Faayidaan bosona irraa argamu garu wal-qixaa miti, gariin faayidaa guddaa yommuu argatan gariin immoo xinnaa argatu. Rakkoon bineensotaa hamaa ta’ule, uummanni bosona meeshaalee irraa argatun, tajaajila to’annaa qilleensa naannoo fi ittisa dhiqama biyyoo kennun fi iddo bashannanna ta´uu isaatiin madaaluun uummamni bosonaaf ilaalchaafi bakka guddaa kennaaf. Yaada cuunfaa

Upload: phungdieu

Post on 19-Apr-2018

313 views

Category:

Documents


3 download

TRANSCRIPT

Page 1: Faayidaa fi rakkoolee bosonatti dhiheenyaan jiraachun ... Word - factsheet 2 OROMIFA forest services disservices v1.docx Created Date 9/15/2016 7:42:56 AM

Madda: Dorresteijn, I. et al., forthcoming  

“Social-ecological system properties for food security and biodiversity” Factsheet Nr. 2, 1 September 2016  

Odeeffanno dabalataaf Prof. Joern Fischer, Leuphana, Germany • Email: [email protected] • Web: http://foodandbiodiversity.wordpress.com/

               

Faayidaa fi rakkoolee bosonatti dhiheenyaan jiraachun walqabatee jiran

  Bosonnii madda bu’ura jireenya ummataati. Muka qoraanii, ijaarsaa, meeshaallee manaafi qonnaa ta’an irraa hojetamu akkasumas qorichaa fi mi’essitu adda addaa kenna. Dabalataanis, omishnii bunaa fi dammaa bosona irraa argamu madda galii qarshii itiin argatanidha. Haata’u malee, bosonnii bineensota akka jaldessaa, karkarro, booyyee, qeerransaafi kan kana fakkataniif bakka mana jirenyaa ta’udhaan midhaanifi loon ummataa akka nyaatame manca’u sababa ta’udhan rakkina uuma. Wal madaalumsa faayidaa fi rakko bosonaa qorachuf, abbotii warraa 200 Zonii Jimmaa keessaa haasofisisne turre. Abbotiin waraa, kesumaayu bosonatii dhiyoo jiraatan midhaanii fi horiin isaani bineensota bosonaan waan manca’uf rakkina wabii midhaan nyaatatin of-danda’u dhabudhaf akka saaxilaman gabaasanii jiru. Dabalataanis, barbaachisummaan eegumsa bineensota bosonaa ofirraa ittisuf godhamun dhibeef fakkenyaaf mataa bowwoo fi hirriba dhabuf akka isaan saaxile eerani jiru. Rakkoon kun yeroo tokko tokkoos sababa waldhabdee ummataa umu isaa, ijoolleefi ga’essonni akka barumsa isaanii hin baranne gochuu isaa, hojiiwwan galii qarshii argamsiisan irraati akka isaan hin hirmaanne godhu isaati fi ittii fayyadama tekinolojii

qonnaa ammayyaa isaan biratti fudhatama akka dhabsiise gabaasanii jiru. Rakkoleen bosonaan walqabatee umaman kun abbootii warraa hundaafu walqixa yoomu mudatan, faayidaan bosona irraa argamu garuu abbootii warraa jidutii garaagarumitii qaba. Garreen abbootii warraa xinno ta´an faayidaa guddaa, kesumaayyu omisha bunaa fi dammaa irraa argatu. Uummanni bosona irraa fagaatee jiraatu rakkon bineensota bosonaa irraa isaan mudatu xinnaa yeroo tahu faayidaan argatanis xinnaa dha. Wantii namatti tolu, rakkoon bineensota bosonaa daran hammaataa ta’ulle, ilaalchi uummanni bosonaaf qabu gaarii fi daran guddaa dha. Uummatichi bosona madaale bakka guddaa kan kennef meeshaalee yokaan faayidaa irraa argatun, tajaajila to’annaa qillensa naannoo fi ittisa dhiqaminsa biyyoo godhuni, akkasumas iddo bashannanaa yokaan sammuu isaani ittiin haaromsifatan ta´u isaatiini dha. Qorannon keenya rakkoo bineensota bosonaa ittisuf fallii barbaadamuu akka qabu mirkaneesse jira. Akkasumas garaagarumtiin faayidaafi rakkoo bosonaa wal-qixxummadhan abbootii warraa jidduutti hirmaatamu akka qabu mirkaneessee jira.

Dhaamsa ijoo § Uummanni bosona madda bu’uura jireenya isaa godhate itti maxanus, bineensonni bosonaa garuu rakkoo guddaa

isaanirraan gahaa jiru. § Abbootiin warraa bosonatti dhihoo jiraatan hundu mudannoo rakkoo bineensota bosonaa wal-qixa qabu. § Faayidaan bosona irraa argamu garu wal-qixaa miti, gariin faayidaa guddaa yommuu argatan gariin immoo xinnaa argatu. § Rakkoon bineensotaa hamaa ta’ule, uummanni bosona meeshaalee irraa argatun, tajaajila to’annaa qilleensa naannoo

fi ittisa dhiqama biyyoo kennun fi iddo bashannanna ta´uu isaatiin madaaluun uummamni bosonaaf ilaalchaafi bakka guddaa kennaaf.

Summary  

→ Yaada cuunfaa  

Summary