misiraachoo waaqayyo biraa dhufe!

32
MISIRAACHOO WAAQAY YO BIRAA DHUFE!

Upload: niscribd

Post on 12-Jan-2016

412 views

Category:

Documents


4 download

DESCRIPTION

Afaan Oromoo

TRANSCRIPT

Page 1: Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!

MISIRAACHOOWAAQAYYO BIRAA

DHUFE!

Page 2: Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!

Birooshurri kun Macaafa Qulqulluurraa kallattii-dhaan barachuuf si gargaara. Caqasni tokkoon tokkoondhuma keeyyatichaa jalatti argamu gaaffiiwwan qubeefufurdaadhaan barreeffamaniif deebii ta�an MacaafaQulqulluu keerraa bakka kamitti akka argattu argisiisu.

Caqasoota Macaafa Qulqulluu yommuu dubbistu,gaaffiiwwan kanaaf akkamitti deebii akka kennan qal-beeffadhu. Dhugaa Baatuun Yihowaa kamiyyuu hiikacaqasoota kanaa akka hubattu si gargaaruuf qophaa�aa-dha. D Luqaas 24:32, 45 dubbisi.

Birooshura kanarraa faayidaaargachuu kan dandeessu akkamitti?

D Yohannis 17:3 dubbisi.

Hubachiisa: Barreeffamoonnibirooshura kana keessatticaqasaman hundi Dhugaa BaatotaYihowaatiin kan qophaa�anidha.

Caqasoota kennaman Macaafa Qulqulluu keerraaargachuu kan dandeessu akkamitti?

Caqasni kenname kitaaba MacaafaQulqulluu isa kam akka ta�e argisiisa.

Lakkoofsi jalqabarratti argamuboqonnaa isa kam akka ta�e ibsa.

Lakkoofsi ykn lakkoofsonniittaananii jiranimmoolakkoofsa ykn lakkoofsotadubbifaman argisiisu.

˙˙

˙˙

˙˙

˙˙

˙˙

˙˙

˙˙

˙˙

˙

˙˙

˙˙

˙˙

˙˙

˙˙

˙˙

˙˙

˙˙

˙˙

˙˙

˙˙

˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙

˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙

˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙ ˙

°

°

°

rakkina qabdu, garuu jabaadhaa! Anibiyya lafaa mo�eera.”

17 Dubbii kana erga dubbatee bood-dee, Yesus garawaaqaatti ol ilaa-

lee, “Yaa abbaa, yerichi ga�eera, ilmikee ulfina akka siif kennuuf, ilma keegara ulfinaatti ol fudhadhu. 2 Akku-ma ati foon-qabeessa hundumaa irrattiaboo isaaf kennite, inni immoowarra atiisaaf kennite hundumaaf jireenya barabaraa haa kennuuf. 3 Si Waaqayyo isatokkicha, isa dhugaa, Yesus Kristosinisa ati ergites beekuun isaanii jireenyabara baraa ti. 4 Ani lafa irratti ulfina siifkenneera, hojii akka ani hojjedhuuf

YOHANNIS 16:33—17:24

� 2012WATCH TOWER BIBLE AND TRACT SOCIETY OF PENNSYLVANIAMisiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!MaxxansitoonniWATCHTOWER BIBLE AND TRACT SOCIETY OF NEW YORK, INC.Brooklyn, New York, U.S.A.Onkoloolessa 2013tti MaxxanfameBirooshurri kun kan hin gurguramneefi barreeffamoota addunyaa maratti Macaafa Qulqulluu barsiisuuf qophaa�an keessaatokkodha. Hojiin kunis buusii qarshii namoonni fedhiidhaan kennaniin deggerama.Ibsi garabiraan yoo kenname malee, caqasawwan birooshura kana keessatti argaman Macaafa Qulqulluu afaan Oromoo bara 1997maxxanfame keessaa kan fudhatamanidha. Caqasawwan tokko tokko nutu dalga ciibsee barreesse. Caqasichatti aansee “NW” yoojedhame, caqasichi kan fudhatame Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa afaan Ingiliffaa ammayyaatiin qophaa�erraa ta�uusaaargisiisa.

Photo Credits: Page 6, top, Dead Sea Scroll: Shrine of the Book, Photo � The Israel Museum, Jerusalem; page 6, middle, Greek Codex: From The Codex Alexandrinusin Reduced Photographic Facsimile, 1909, by permission of the British Library; page 16, Hitler: Based on U.S. National Archives photo; page 32, upper right, Greek Codex:From The Codex Alexandrinus in Reduced Photographic Facsimile, 1909, by permission of the British LibraryGood News from God! Oromo (fg-OA)Printed in Britain by Watch Tower Bible and Tract Society of Britain (Registered in England as a Charity) Biritaaniyaatti maxxanfame

Page 3: Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!

3

1. Misiraachoon Waaqayyo biraa dhufe maalidha?Waaqayyo, namoonni lafa kanarra gammachuudhaan akka ji-

raatan barbaada. Lafa kanaafi wantoota isheerratti argaman kanuume ilmaan namootaa waan jaallatuufidha. Lafti kun namootabakka hundaatti argamaniif mijooftuu akka taatu gochuufis yeroodhihootti tarkaanfii fudhata. Wantoota dhiphinaaf sababii ta�anballeessuudhaan ilmaan namootaatiif boqonnaa argamsiisa.D Ermiyaas 29:11 dubbisi.

Mootummaan ilmaan namootaa kamiyyuu, yakka, dhukkubaykn du�a hambisuu hin dandeenye. Haata�u malee, misiraachoonnama gammachiisu jira. Waaqayyo yeroo dhihootti bulchiinsi il-maan namootaa bulchiinsasaatiin akka bakka buufamu godha.Namoonni bulchiinsa Waaqayyoo jalatti bulanis nagaafi fayyaaguutuu argatu. D Isaayaas 25:8; 33:24; Daani�el 2:44 dubbisi.

2. Misiraachichi ariifachiisaa kan ta�e maaliifi?Dhiphinni kan hafu yommuu Waaqayyo namoota hamoo la-

farraa balleessutti qofadha. (Sefaaniyaa 2:3) Haata�u malee kunyoom ta�a? Dubbiin Waaqayyoo, wantoota yeroo ammaatti il-maan namootaa dhiphisan dursee raajiidhaan dubbateera. Wan-toonni gadheen yeroo ammaatti raawwatamaa jiran, yeroonWaaqayyo tarkaanfii itti fudhatu dhihaachuusaa argisiisu.D 2 Ximotewos 3:1-5 dubbisi.

3. Maal gochuu qabna?Macaafa Qulqulluurraa waa�ee Waaqayyoo barachuu qabna.

Macaafni Qulqulluun xalayaa abbaan jaalala qabeessa ta�e tokkonuu ergee wajjin wal fakkaata. Yeroo ammaatti jireenya gaarii ji-raachuu, gara fuulduraattimmoo jireenya barabaraa argachuu kandandeenyu akkamitti akka ta�e nutti hima. Namoonni tokko tokkoMacaafa Qulqulluu akka hubattuuf gargaarsa sii godhamaa jiruttiakka hin gammanne beekamaadha. Haata�u malee Waaqayyo ji-reenya gammachiisaa akka argannu abdii waan nuu kenneef, na-moonni kaan waa�ee Macaafa Qulqulluu barachuu akka nudhowwan heyyamuu hin qabnu.D Fakkeenya 29:25; Mul�ata 14:6, 7 dubbisi.

1Misiraachoon Kun Maalidha?

Page 4: Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!

4

1. Waaqayyoon waaqeffachuu kan qabnu maaliifi?Wantoota hunda kan uume Waaqa dhugaati. Inni jalqabas ta�e

dhuma hin qabu. (Faarfannaa 90:2) Maddi misiraachoo Macaa-fa Qulqulluu Isadha. (1 Ximotewos 1:11) Jireenya kan nuu kenneWaaqayyo waan ta�eef isa qofa waaqeffachuu qabna.D Mul�ata 4:11 dubbisi.

2. Waaqayyo maal fakkaata?Waaqayyo Hafuuradha; jechuunis qaama uumamawwan lafar-

ra jiran hunda caalu waan ta�eef, namni kamiyyuu matumaa isaarguu hin danda�u. (Yohannis 1:18; 4:24) Haata�u malee, wantoo-ta Waaqayyo uume ilaaluudhaan amalawwansaa hubachuu dan-deenya. Fakkeenyaaf, akaakuu kuduraaleefi abaaboowwan ad-daddaa ilaaluudhaan jaalalaafi ogummaa inni qabu hubachuudandeenya. Bal�inni uumama cufaas humnisaa hangam guddaaakka ta�e nu hubachiisa. D Roomaa 1:20 dubbisi.

Macaafa Qulqulluu dubbisuudhaanis waa�ee amalawwan Waa-qayyoo caalaatti barachuu dandeenya. Fakkeenyaaf, MacaafniQulqulluun Waaqayyo maal akka jaallatuufi akka jibbu, namootaakkamitti akka qabuufi haalawwan addaddaa keessatti tarkaanfiiakkamii akka fudhate nuu ibsa. D Faarfannaa 103:7-10 dubbisi.

3. Waaqayyo maqaa qabaa?Yesus, “Yaa isa waaqa irra jirtu abbaa keenyaa! Maqaan kee

qulqulluu ta�ee haa eegamu” jedheera. (Maatewos 6:9) Waaqay-yo maqaawwan ulfinaa hedduu qabaatuyyuu, maqaansaa garuutokko qofadha. Afaan hunda keessatti karaa garaagaraatiin waa-mama. Yeroo baay�ee afaan Ingiliffaatiin “Jehovah” jedhameewaamama. Namoonni tokko tokko garuu “Yaahwee” jedhanii isawaamu. D Uumama 22:14 dubbisi.

Hiikawwan Macaafa Qulqulluu hedduun, maqaa Waaqayyookeessaa baasanii maqaawwan ulfinaa Gooftaa ykn Waaqayyo je-dhamaniin bakka buusaniiru. Macaafni Qulqulluun jalqaba yom-muu barreeffame garuu, maqaan Waaqayyoo al 7,000 ta�u

2 Waaqayyo Eenyudha?

Page 5: Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!

5

argama ture. Yesus waa�ee Waaqayyoo yeroo namoota barsiisaature, maqaan Waaqayyoo akka beekamu godheera.D Yohannis 17:26 dubbisi.

4. Yihowaan waa�ee keenya ni yaadaa?Rakkinni baay�achuunsaa Yihowaan

waa�ee keenya akka hin yaanne argisii-saa? Namoonni tokko tokko Waaqayyonu qoruuf jedhee akka dhiphannu godhajedhu; kun garuu dhugaa miti.D Yaaqoob 1:13 dubbisi.

Waaqayyo, ilmaan namootaa mirgafilannaa gochuuf isaan dandeessisu akkaqabaatan gochuudhaan akka isaan ka-baju argisiiseera. Waaqayyoon tajaajiluufilachuuf mirga argachuu keenya hin dinqisiifannuu? (Iyaasuu24:15) Haata�u malee namoonni hedduun wanta gadhee warrakaanirratti raawwachuu waan filataniif, dhiphinni garmaleebabal�ateera. Yihowaan jal�ina akkasii yommuu argu baay�eegadda. D Uumama 6:5, 6 dubbisi.

Yihowaan nuu yaada. Gammachuu akka argannus ni barbaa-da. Yeroo dhihootti dhiphinaafi qaamota dhiphinaaf sababii ta�anni balleessa. Hammasitti garuu, yeroo murtaa�eef dhiphinni akkajiraatu heyyamuuf sababii ga�aa qaba. Waa�ee kanaa caalaatti Ba-rumsa 8ffaarratti baranna. D 2 Phexros 2:9; 3:7, 13 dubbisi.

5. Waaqayyotti dhihaachuu kan dandeenyu akkamitti?Yihowaan kadhannaadhaan akka isatti dhihaannu nu afeera.

Dhuunfaattis xiyyeeffannaa nuu kenna. (Faarfannaa 65:2;145:18) Akkasumas dhiifama gochuuf qophaa�aadha. Yeroo tokkotokko kan dogoggorru taanuyyuu, carraaqqii isa gammachiisuufgoonu ni hubata. Kanaaf mudaa kan qabnu yoo taanellee,michuu Waaqayyoo ta�uu ni dandeenya.D Faarfannaa 103:12-14; Yaaqoob 4:8 dubbisi.

Jireenya kan nuu kenne Yihowaa waan ta�eef, eenyuyyuu caalaaisa jaallachuu qabna. (Maarqos 12:30) Jaalala Waaqayyoof qab-du argisiisuuf, waa�eesaa caalaatti barachaa yommuu adeemtuufiwanta inni sirraa barbaadu raawwachuukee yommuu itti fuftu,caalaatti isatti dhihaatta.D 1 Ximotewos 2:4; 1 Yohannis 5:3 dubbisi.

Akkuma abbaajaalala qabeessa

ta�e kanaa,Waaqayyo

faayidaabarabaraa akkaargannuuf jecha

tarkaanfii fudhata

Page 6: Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!

1. Macaafa Qulqulluu kan barreessise eenyudha?Misiraachoon namoonni lafarra barabaraaf jiraachuu akka

danda�an ibsu Macaafa Qulqulluu keessatti argama. (Faarfannaa37:29) Macaafni Qulqulluun kitaabota xixinnoo 66 qaba. Waa-qayyo namoota 40 ta�anitti fayyadamee kitaabota kana barrees-siseera. Kitaabonni jalqabaa shanan naannoo waggaa 3,500dura Museedhaan barreeffaman. Kitaabni inni xumuraammoowaggaa 1,900 dura Yohannis ergamaadhaan barreeffame. Yaan-ni Macaafa Qulqulluurratti argamu kan eenyuuti? Waaqayyo ha-fuurasaatti fayyadamee, namoonni Macaafa Qulqulluu akkabarreessan godheera. (2 Saamu�el 23:2) Kanaaf, yaanni isaanbarreessan kan Waaqayyoo malee yaada mataasaanii miti. Ka-naaf Macaafa Qulqulluu kan barreessise Yihowaadha.D 2 Ximotewos 3:16; 2 Phexros 1:20, 21 dubbisi.

2. Macaafni Qulqulluun sirrii ta�uusaa akkamittimirkanaa�oo ta�uu dandeenya?

Macaafni Qulqulluun wantoota gara fuulduraatti raawwa-taman bal�inaan, akkasumas sirriitti waan ibsuuf Waaqayyo bi-raa akka dhufe mirkanaa�oo ta�uu dandeenya. Namni kamiyyuukana gochuu hin danda�u. (Iyaasuu 23:14) Abdii ilmaan namoo-taa gara fuulduraatti qaban guutummaatti beekuu kan danda�uWaaqa isa Hundumaa Danda�u qofadha.D Isaayaas 42:9; 46:10 dubbisi.

Kitaabni Waaqayyo biraa dhufe adda akka ta�u eegna; dhu-gumayyuu addadha. Macaafni Qulqulluun afaan dhibbaan lak-kaa�amuufi koppii biliyoonaan lakkaa�amuun raabsameera. Ma-caafni kun waggoota hedduu dura kan barreeffame ta�ussaayinsii wajjin walsima. Akkasumas namoota 40n kan barreef-fame ta�ullee yaannisaa wal hin faallessu.� Kana malees, waa�eeamala Waaqayyoo jechuunis waa�ee jaalalasaa sirriitti nuu ibsa;akkasumas humna namoota jijjiiruufi jireenya fooyyee qabu akka

� Birooshura Kitaaba Namoota Hundaaf Ta�u jedhamu ilaali. (Amaariffa)

3 Dhugumaan Misiraachoon KunWaaqayyo Biraa Dhufee?

6

Page 7: Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!

jiraatan godhu qaba. Dhugaawwan kunis, namoonni miliyoo-naan lakkaa�aman Macaafni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoota�uusaa akka amanan godhaniiru. D 1 Tasaloniiqee 2:13 dubbisi.

3. Macaafni Qulqulluun waa�ee maalii dubbata?Yaada ijoo Macaafni Qulqulluun irratti xiyyeeffatu keessaa

tokko, misiraachoo kaayyoo Waaqayyo ilmaan namootaatiifqabu kan ibsudha. Caaffanni Qulqullaa�oon, namoonni jalqabaamirga lafa jannata taaterra jiraachuuf qaban kan dhaban akka-mitti akka ta�eefi jannanni akkamitti deebitee akka hundooftuibsu. D Mul�ata 21:4, 5 dubbisi.

Kana malees, Dubbiin Waaqayyoo, seera, seerawwan bu�uu-raafi gorsa qabateera. Akkasumas, Macaafni Qulqulluun fakkee-nyota Waaqayyo namootaa wajjin walitti dhufeenya akkamiiakka qabu ture argisiisan qabateera; fakkeenyota kanarraa Waa-qayyo Waaqa akkamii akka ta�e hubachuu dandeenya. Kanaaf,Macaafni Qulqulluun Waaqayyoon beekuu akka dandeessu sigargaara. Michuusaa ta�uu kan dandeessu akkamitti akka ta�es niibsa. D Faarfannaa 19:7, 11; Yaaqoob 2:23; 4:8 dubbisi.

4. Macaafa Qulqulluu hubachuu kan dandeessu akkamitti?Birooshurri kun mala Yesus itti fayyadamee turee wajjin wal

fakkaatutti waan fayyadamuuf Macaafa Qulqulluu akka hubattusi gargaara. Caqasa Macaafa Qulqulluu tokko erga caqasee boo-da, “macaafa haa hubataniif” isaaniif ibsa ture.D Luqaas 24:27, 45 dubbisi.

Misiraachoo Waaqayyo biraa dhufe caalaa wanti nama gam-machiisu hin jiru. Haata�u malee, namoonni misiraachoo kanaafdantaa hin qaban; kaanimmoo waa�een misiraachoo kanaabaay�ee isaan aarsa. Ta�us kun abdii si kutachiisuu hin qabu. Jiree-nya barabaraa argachuunkee Waaqayyoon beekuu keerratti kanhundaa�edha. D Yohannis 17:3 dubbisi.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf,kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?jedhamu boqonnaa 2 ilaali.

7

Page 8: Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!

1. Jireenyi Yesus kan jalqabe akkamitti?Yesus ilmaan namootaarraa haala adda ta�een, nama ta�ee

lafarratti dhalachuusaa dura qaama hafuuraa ta�ee samiirrajiraachaa ture. (Yohannis 8:23) Inni uumama Waaqayyoo isajalqabaa waan ta�eef, hojii wantoota kaan hunda uumuurrattihirmaateera. Yihowaan kallattiidhaan isa qofa waan uumameef,Ilma Waaqayyoo isa ‘tokkicha’ jedhamee waamameera. (Yohan-nis 1:14) Yesus Sagalee Dabarsituu Waaqayyoo ta�ee waantajaajileefis, ‘sagalicha’ jedhameera.D Fakkeenya 8:22, 23, 30; Qolosaayis 1:15, 16 dubbisi.

2. Yesus gara lafaa kan dhufe maaliifi?Waaqayyo, jireenya Ilmasaa isa samiirra turee gara gada-

meessa durba Yihudii Maariyaam jedhamtu tokkootti naannes-suudhaan nama ta�ee akka dhalatu godheera. Kanaaf, abbaanYesus nama lafarraa kamiyyuu hin turre jechuudha. (Luqaas 1:30-35) Yesus gara lafaa kan dhufe, (1) waa�ee Waaqayyoo dhu-gaasaa barsiisuuf, (2) haala rakkisaa keessa yeroo jirruttillee fe-dha Waaqayyoo akkamitti raawwachuu akka dandeenyu fakkee-nya nuu ta�uufi (3) lubbuusaa isa mudaa hin qabne “furii” godheekennuufidha. D Maatewos 20:28 dubbisi.

3. Furiin kan nu barbaachisu maaliifi?Furiin, gatii nama garbummaa du�aa jala jiru baasuuf kaffa-

lamudha. (Ba�uu 21:29, 30) Kaayyoon Waaqayyoo inni jalqabaa,ilmaan namootaa akka du�aniifi akka dullooman hin turre. Kanaakkamitti beekuu dandeenya? Waaqayyo, Addaam namni inni

jalqabaa “cubbuu” yoo raawwateakka du�u itti himee ture. Addaamutuu cubbuu hin hojjenne ta�ee hindu�u ture. (Uumama 2:16,17; 5:5)Akka Macaafni Qulqulluun ibsutti,duuti karaa Addaam gara biyya la-faatti “dhufe.” Kanaaf, Addaam

4 Yesus Kiristos Eenyudha?

Amalawwan Yesus,salphaatti akka ittidhihaatamu godhankamfa�i?—MAATEWOS 11:29;MAARQOS 10:13-16.

Page 9: Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!

cubbuufi du�a isa adaba cubbuu ta�e sanyiisaa hunda dhaalchi-seera. Adaba kana jalaa ba�uuf furiin nu barbaachisa.D Roomaa 5:12; 6:23 dubbisi.

Du�a jalaa walaba nu baasuuf furii kaffaluu kan danda�u eenyu-dha? Yommuu duunu cubbuu raawwanneef qofa gatii baasna.Namni mudaa qabu kamiyyuu cubbuu warra kaaniitiif gatii furiibaasuu hin danda�u. D Faarfannaa 49:7-9 dubbisi.

4. Yesus kan du�e maaliifi?Yesus, akka ilmaan namootaa mudaa kan qabu miti. Kanaaf,

inni cubbuu waan hin raawwanneef, cubbuu mataasaatiif du�uunisa hin barbaachisu. Kanaa mannaa, Yesus cubbuu namootakaaniitiif jedhee du�e. Waaqayyo jaalala guddaa ilmaan namoo-taatiif qabuun kaka�ee, Ilmisaa nuuf jedhee akka du�uuf isa ergee-ra. Yesusis, Abbaasaatiif abboomamee cubbuu keenyaaf lubbuu-saa dabarsee kennuudhaan jaalala nuuf qabu argisiiseera.D Yohannis 3:16; Roomaa 5:18, 19 dubbisi.

5. Yesus amma maal hojjechaa jira?Yesus yommuu lafarra ture warra dhukkubsatan fayyiseera;

warra du�an kaaseera; namoota haala rakkisaa keessatti argama-nis oolcheera. Akkas gochuudhaanis gara fuulduraatti namootaabboomamoo ta�an hundaaf maal akka godhu argisiiseera.(Maatewos 15:30, 31; Yohannis 5:28) Yesus erga du�ee booda,Waaqayyo du�aa isa kaasee qaama hafuuraa isaaf kenneera.(1 Phexros 3:18) Achiis guutummaa biyya lafaarratti Mootii ta�eebulchuuf hamma Yihowaan aangoo isaaf kennutti mirgasaataa�ee eeggachaa tureera. (Ibroota 10:12,13) Yesus, amma sa-miirratti Mootii ta�ee bulchaa jira; duuka buutonnisaas addunyaamaratti misiraachoo kana labsaa jiru.D Daani�el 7:13, 14; Maatewos 24:14 dubbisi.

Dhiheenyatti, aangoo Mootummaasaatti fayyadamee dhiphi-naafi wantoota dhiphinaaf sababa ta�an hunda ni balleessa. Na-moonni Yesusitti akka amanan isaaf abboomamuudhaan argisii-san lafa jannata taaturra barabaraaf jiraatu.D Faarfannaa 37:9-11 dubbisi.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf,kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?jedhamu boqonnaa 4fi 5 ilaali.

9

Page 10: Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!

10

1. Waaqayyo lafa kan uume maaliifi?Yihowaan lafa kana namootaaf kenne. Lafti bakka jireenyaa

keenyadha. Waaqayyo ergamoonni samiirra akka jiraataniif dur-see waan uumeef, abbaan manaafi haati manaa warri jalqabaa,jechuunis Addaamiifi Hewwaan kan uumaman samii akka guuta-niif miti. (Iyoob 38:4, 7) Kanaa mannaa Waaqayyo, nama isa jal-qabaa jannata bareedduu iddoo dhaabaa Eeden jedhamu keessakaa�e. (Uumama 2:15-17) Yihowaan, Addaamiifi ijoolleen innigodhatu abdii lafarra barabaraaf jiraachuu akka qabaatan go-dheera. D Faarfannaa 37:29; 115:16 dubbisi.

Jalqabarratti, jannata kan ture dhaaba Eeden qofadha. Ab-baan manaafi haati manaa warri jalqabaa ijoollee godhachuu-dhaan lafa guutuu qabu turan. Yeroo booda lafa guutuufi lafakana gara jannataatti jijjiiruu qabu turan. (Uumama 1:28) Ka-naaf, lafti barabaraaf bakka jireenyaa ilmaan namootaa taati ma-lee matumaa hin baddu. D Faarfannaa 104:5 dubbisi.

2. Yeroo ammaa lafti jannata kan hin taane maaliifi?Addaamiifi Hewwaan Waaqayyoof abboomamuu waan

didaniif, Yihowaan iddoo dhaabaa kana keessaa isaan baase. Jan-nannis kan badde si�a ta�u, sana booda namni deebisee ishee hun-deessuu hin dandeenye. Macaafni Qulqulluun, ‘biyyi lafaa harkawarra jal�ootaatti kennamteetti’ jedha.—Iyoob 9:24.D Uumama 3:23, 24 dubbisi.

Maarree, Yihowaan kaayyoo jalqabarratti ilmaan namootaatiifqabu jijjiireeraa? Hin jijjiirre! Inni Waaqa hundumaa danda�udha.Kaayyoosaa ni raawwata malee hin dhiisu. (Isaayaas 45:18) Waa-qayyo, jireenya jalqaba ilmaan namootaa akka qabaatan yaadeeture akka argatan godha. D Faarfannaa 37:11, 34 dubbisi.

3. Jannanni deebi�ee kan hundeeffamu akkamitti?Yommuu Yesus Mootii Mootummaa Waaqayyoo ta�ee bulchu,

jannanni deebi�ee lafarratti hundeeffama. Waraana Armaagedoo-nitti, Yesus ergamoota Waaqayyoo geggeessuudhaan warra

5 Kaayyoon Waaqayyo LafaafQabu Maalidha?

Page 11: Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!

Waaqayyoon morman hunda ni balleessa. Achiis Yesus, waggaa1,000f Seexana hidha. Haata�u malee, Yesus saba Waaqayyoowaan geggeessuufi waan eeguuf isaan badiisa kanarraa ni oolu.Achiis, lafa Jannata taaturra barabaraaf gammachuudhaan jiraa-tu. D Mul�ata 20:1-3; 21:3, 4 dubbisi.

4. Rakkinni kan badu yoomi?Waaqayyo rakkina lafa kanarra jiru yoom balleessa? Yesus ‘mi-

likkita’ rakkinni yoom akka balleeffamu argisiisu kenneera. Haallibiyyi lafaa yeroo ammaatti argamu jireenya namootaarratti dhiib-baa guddaa geessisaa kan jiru ta�uunsaa, “dhuma barichaa” kees-sa akka jiraannu argisiisa. D Maatewos 24:3, 7-14, 21, 22 dubbisi.

Yesus samiirra taa�ee yommuu waggaa 1,000f lafa kana bulchu,rakkina hunda ni balleessa. (Isaayaas 9:6, 7; 11:9) Mootii ta�ee ta-jaajiluusaatiin alattis, Angafa Lubootaa ta�ee waan tajaajiluuf, na-moonni Waaqayyoon jaallatan dhiifamuu cubbuu akka argatangodha. Kanaaf, Waaqayyo Yesusitti fayyadamee, dhukkuba, dul-lumaafi du�a ni hambisa. D Isaayaas 25:8; 33:24 dubbisi.

5. Lafa Jannata taaturra kan jiraatan eenyufa�i?Namoonni Waaqayyoof abboomaman Jannata keessa jiraatu.

(1 Yohannis 2:17) Yesus, namoota gad of deebisan akka barbaa-daniifi Waaqayyo biratti fudhatama argachuu kan danda�an akka-mitti akka ta�e akka isaan barsiisaniif bartootasaa ergeera. Yerooammaa Yihowaan, namoota miliyoonaan lakkaa�aman jireenyaJannataa gara fuulduraatti hundeeffamuuf qopheessaa jira. (Se-faaniyaa 2:3) Galma Mootummaa Dhugaa Baatota Yihowaakeessatti, namoonni abbaa manaafi abbaa gaarii, akkasumashaadha manaafi haadha gaarii ta�uu kan danda�an akkamitti akkata�e baratu. Kana malees ijoolleefi warri, Yihowaa waliin waaqeffa-chuudhaan misiraachoo kanarraa faayidaa argachuu kandanda�an akkamitti akka ta�e baratu. D Miikiyaas 4:1-4 dubbisi.

Galma Mootummaakeessatti, namootaWaaqayyoon jaallataniifiakkamitti isa gammachiisuuakka danda�an barachuubarbaadanii wajjin walargita

Odeeffannoo dabalataa argachuuf,kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?jedhamu boqonnaa 3 ilaali.

11

Page 12: Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!

12

1. Namoota du�an ilaalchisee wanti misiraachoota�e maalidha?

Yesus mandara Bitaaniyaa ishee naannoo Yerusaalemitti ar-gamtu yommuu ga�u, michuunsaa Alaazaar erga du�ee guyyaaafur ta�eera. Yesus, obboleettota Alaazaar isa du�e, jechuunisMaartaafi Maariyaamii wajjin bakka awwaalichaa dhaqe. Na-moonni hedduunis yeruma sana achitti sassaabaman. YommuuYesus Alaazaariin du�aa kaasu gammachuu Maartaafi Maariyaa-mitti dhaga�amee ture tilmaamuu dandeessaa?D Yohannis 11:21-24, 38-44 dubbisi.

Maartaan namoota du�an ilaalchisee misiraachoo jiru beektiturte. Yihowaan namoota du�an kaasuudhaan deebisee lafarraakka jiraachisu hubattee turte. D Iyoob 14:14,15 dubbisi.

2. Namoonni du�an haala akkamii keessatti argamu?Namoonni biyyoorraa uumaman. (Uumama 2:7; 3:19) Nuyi

qaama hafuuraa foon uffate miti. Qaama biyyoorraa uumamnewaan taaneef, qaama keenya keessaa wanti utuu hin du�in hafuhin jiru. Yommuu duunu sammuun keenya ni du�a; dandeettiinyaaduu keenyas ni bada. Kanaaf, namoonni du�an waan tokkoy-yuu waan hin beekneef Alaazaar erga du�aa ka�ee booda, yeroodu�ee turetti haala akkamii keessa akka ture wanta dubbate hinqabu. D Faarfannaa 146:4; Lallaba 9:5, 6, 10 dubbisi.

Waaqayyo namoonni erga du�anii booda ibiddaan isaan gu-baa? Macaafni Qulqulluun namoonni erga du�anii booda waantokkoyyuu dhaga�uu akka hin dhageenye kan argisiisu erga ta�ee,

6 Namoonni Du�an AbdiiMaalii Qabu?

Waaqayyo Addaamiinakkas jedhe: “Atibiyyoo dha, deebiteesbiyyoo in taata.”—UUMAMA 3:19.

Page 13: Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!

barumsi waa�ee ibiddaan gubachuu ibsu barumsa sobaa maqaaWaaqayyoo balleessudha jedhuudha. Yaanni ibiddaan namootagubuu jedhullee Waaqayyoon baay�ee ciiggaasisa.D Ermiyaas 7:31 dubbisi.

3. Namoonni du�an nu wajjin dubbachuu danda�uu?Namoonni du�an dubbachuus ta�e dhaga�uu hin danda�an.

(Faarfannaa 115:17) Haata�u malee, ergamoonni Waaqayyoomuraasni hamoota kan ta�an si�a ta�u, isaanis nama du�e fakkees-sanii dubbachuudhaan namoota gowwoomsu. (2 Phexros 2:4)Kanaaf, Yihowaan namoota du�anii wajjin dubbachuuf yaaliiakka hin goone nu akeekkachiiseera.D Keessa Deebii 18:10, 11 dubbisi.

4. Namoonni du�aa kaafaman eenyufa�i?Namoonni miliyoona hedduutti lakkaa�amaniifi awwaala kees-

sa jiran du�aa kaafamanii lafarra jiraatu. Namoonni utuu Waa-qayyoon hin beekin wantoota gadhee raawwachaa turanillee nikaafamu. D Luqaas 23:43; Hojii Ergamootaa 24:15 dubbisi.

Namoonni du�aa kaafaman, waa�ee Waaqayyoo dhugaansaamaal akka ta�eefi Yesusiif abboomamuudhaan isarratti amantiiqabaachuu kan danda�an akkamitti akka ta�e ni baratu. (Mul�ata20:11-13) Namoonni erga du�aa kaafamanii booda waan gaariihojjechuusaanii itti fufan barabaraaf lafarra jiraatu.D Yohannis 5:28, 29 dubbisi.

5. Abdiin du�aa ka�uu waa�ee Yihowaa maal nu barsiisa?Waaqayyo, Ilmisaa nuuf jedhee akka du�uuf erguudhaan ab-

diin du�aa ka�uu akka dhugoomu godheera. Kanaaf, abdiin du�aaka�uu jaalalaafi gaarummaa Yihowaan qabu nu barsiisa. Na-moonni du�an yommuu kaafaman, keessumaa eenyuun arguubarbaadda? D Yohannis 3:16; Roomaa 6:23 dubbisi.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf,kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?jedhamu boqonnaa 6, 7fi 10 ilaali.

13

Page 14: Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!

14

1. Mootummaan Waaqayyoo maalidha?Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa samiirratti argamudha.

Mootummaan kun bulchiinsa namootaa hunda kan bakka bu�uyommuu ta�u, fedhiin Waaqayyoo samiirrattis ta�e lafarratti akkaraawwatamu godha. Misiraachoon waa�ee Mootummaa Waa-qayyoo ibsu kun baay�ee kan nama gammachiisudha. Mootum-maan Waaqayyoo yeroo dhihootti fedhii namoonni bulchiinsagaarii argachuuf qaban ni guuta. Namoonni hundi tokkummaa-dhaan lafarra akka jiraatan godha.D Daani�el 2:44; Maatewos 6:9, 10; 24:14 dubbisi.

Bulchiinsi tokko mootii qabaachuu qaba. Yihowaan, MootiiMootummaasaa akka ta�uuf, Ilmasaa Yesus Kiristosiin muudeera.D Mul�ata 11:15 dubbisi.

2. Yesus Mootii ga�umsa qabudha kan jennu maaliifi?Ilmi Waaqayyoo gaariifi wanta sirrii ta�e raawwachuurraa duu-

batti kan hin jenne waan ta�eef, Mootii ga�umsa qabudha. (Yo-hannis 1:14) Akkasumas Yesus samiirra taa�ee lafa kana waan

bulchuuf, humna namoota gargaa-ruuf isa dandeessisu qaba. Ergadu�aa ka�ee booda gara samii dhaqeemirga Yihowaa taa�ee eeggachaa tu-reera. (Ibroota 10:12,13) Dhumar-rattis, bulchuu akka jalqabuuf Waa-qayyo aboo isaaf kenneera.D Daani�el 7:13, 14 dubbisi.

3. Namoonni Yesusii wajjin bulchan eenyufa�i?Tuutni ‘saba qulqullaa�aa’ jedhaman Yesusii wajjin samiirra

taa�anii bulchu. (Daani�el 7:27) Sabni qulqullaa�aan jalqaba filata-man, ergamoota Yesus warra amanamoodha. Yihowaan, dhiiro-taafi dubartoota amanamoo qulqullaa�oo ta�an hanga ammaatti

7 Mootummaan WaaqayyooMaalidha?

Yesus Mootiiga�umsa qabuakka ta�u kan isagodhe maalidha?—MAARQOS 1:40-42.

Page 15: Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!

filachuusaa itti fufeera. Namoonni kunis, akkuma Yesus qaamahafuuraa ta�anii du�aa ka�u.D Yohannis 14:1-3; 1 Qorontos 15:42-44 dubbisi.

Namoonni gara samii dhaqan meeqadha? Yesus, “karra xin-nayyoo” jedhee isaan waameera. (Luqaas 12:32) Dhumarrattislakkoofsisaanii 144,000 ta�a. Namoonni kun Yesusii wajjin lafakana bulchu. D Mul�ata 14:1 dubbisi.

4. Yesus yommuu bulchuu jalqabu maaltu raawwatama?Mootummaan Waaqayyoo bara 1914 jalqabee bulchaa

jira.� Yesus Mootii akka ta�een, jalqaba Seexanaafi ergamootaSeexanaa gara lafaatti darbachuudhaan tarkaanfii fudhateera.Seexannis baay�ee waan aareef, guutummaa biyya lafaarratti rak-kina geessisuu jalqabe. (Mul�ata 12:7-10,12) Yeroo sanaa kaaseerakkinni ilmaan namootaarra ga�u ittuma caalaa dhufeera. Wa-raanni, beelli, dhukkubni addaddaafi socho�i lafaa, ‘milikkita’Mootummichi yeroo dhihootti dhimmawwan biyya lafaa guu-tummaatti akka to�atu argisiisudha.D Luqaas 21:7, 10, 11, 31 dubbisi.

5. Mootummaan Waaqayyoo maal raawwata?Mootummaan Waaqayyoo, hojii lallabaa addunyaa maratti

raawwatamaa jirutti fayyadamee, namoonni saba garaagaraakeessaa dhufan tokkummaa akka qabaatan gochaa jira. Kanaafnamoonni miliyoonaan lakkaa�amaniifi gad of deebisan Yesusiifbitamaa jiru. Mootummaan Waaqayyoo sirna hamaa kana yom-muu lafarraa balleessu isaaniif eegumsa godha. Kanaaf, na-moonni Mootummaa Waaqayyoorraa faayidaa argachuu bar-baadan hundi Yesusiif abboomamuu barachuu qabu.D Mul�ata 7:9, 14, 16, 17 dubbisi.

Mootummichi waggaa 1,000 keessatti sadarkaa sadarkaa-dhaan kaayyoo Waaqayyo ilmaan namootaatiif jalqaba baaseeture galmaan ga�a. Guutummaan biyya lafaas gara jannataatti jij-jiirama. Dhumarrattis, Yesus Mootummicha deebisee Abbaa-saatti kenna. (1 Qorontos 15:24-26) Atoo namni waa�ee Moo-tummaa kanaa itti himuu barbaaddu jiraa?D Faarfannaa 37:10, 11, 29 dubbisi.

� Raajiin Macaafa Qulqulluu waa�ee bara 1914 maal akka jedhu ibsa bal�aaargachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu fuula 215-218ilaali.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf,kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?jedhamu boqonnaa 8fi 9 ilaali.

15

Page 16: Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!

1. Hammeenyi kan jalqabe akkamitti?Hammeenyi yeroo Seexanni jalqaba lafarratti soba dubbatetti

jalqabe. Seexanni jalqaba mudaa kan hin qabne ta�us, “inni dhugaairra hin dhaabanne.” (Yohannis 8:44) Fedhiin inni, waaqeffannaaWaaqayyoof qofa malu argachuuf qabu keessasaatti akka guddatugodhe. Hewwaanitti soba dubbachuudhaan Waaqayyoof utuu hinta�in isaaf akka abboomamtu ishee amansiise. Addaamis Hewwaa-niin deggeruudhaan Waaqayyoof utuu hin abboomamin hafeera.Kunis dhiphinaafi du�a geessiseera. D Uumama 3:1-6,19 dubbisi.

Seexanni, Waaqayyoof akka hin abboomamne yommuu Hew-waanitti dubbate, olaantummaa Yihowaa ykn mirga Waaqayyobulchuuf qabu mormuusaa ture. Namoonni garri caalaanis, Seexa-na deggeruudhaan Waaqayyoon akka Bulchaasaaniitti utuu hin fu-dhatin hafaniiru. Kanaaf, Seexanni ‘isa biyya lafaa seerratu’ ta�eera.D Yohannis 14:30; 1 Yohannis 5:19 dubbisi.

2. Uumamawwan Waaqayyoo mudaa qabu turanii?Hojiin Waaqayyoo hundi mudaa hin qabu. Namoonniifi erga-

moonni Waaqayyo uume dandeettii guutummaatti Waaqayyoofabboomamuuf isaan dandeessisu qabu turan. (Keessa Deebii 32:4, 5) Waaqayyo, waan gaarii ykn waan hamaa gochuu filachuufmirga akka qabaannu godhee nuuume. Kunimmoo jaalala Waa-qayyoof qabnu argisiisuuf carraa nuu bana.D Yaaqoob 1:13-15; 1 Yohannis 5:3 dubbisi.

3. Waaqayyo hanga ammaattihammeenyi akka jiraatu kanheyyame maaliifi?

Yihowaan, mormiin olaantum-maasaarratti ka�e hanga har�aattiakka turu heyyameera. Maaliif?Carraaqqiin gargaarsasaatiin alanamoota bulchuuf godhamuakka hin milkoofne mirkaneessuufi-dha. (Lallaba 7:29; 8:9) Seenaan

8Waaqayyo, HammeenyiifiDhiphinni Akka JiraatuMaaliif Heyyame?

Waaqayyo,namoonni yeroodheeraadhaaf akkabulchan heyya-muunsaa, namoonnirakkoowwan isaanmudataniif furmaa-ta argamsiisuu akkahin dandeenyemirkaneesseera

Page 17: Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!

namoonni waggaa 6,000f dabarsan kana mirkaneessa. Bulchiinsinamootaa waraana, yakka, jal�inaafi dhukkuba hambisuu hin dan-deenye. D Ermiyaas 10:23; Ba�uu 9:16 dubbisi.

Bulchiinsi Waaqayyoo, bulchiinsa namootaarraa haala adda ta�-een namoota isa filataniif faayidaa argamsiisa. (Isaayaas 48:17,18)Yihowaan yeroo dhihootti bulchiinsa namootaa hunda ni ballees-sa. Lafa kanarra kan jiraatan namoota Waaqayyoof buluu filatanqofadha.—Isaayaas 11:9. D Daani�el 2:44 dubbisi.

4. Obsi Waaqayyoo carraa akkamii nuuf argamsiisa?Seexanni, namni jaalala ofittummaarraa walaba ta�een kaka�ee Yi-

howaa hin tajaajilu jedhee falmeera. Kun soba ta�uusaa mirkanees-suu ni barbaaddaa? Barbaannaan ni dandeessa! Obsi Waaqayyoo,bulchiinsasaafi bulchiinsa namootaa keessaa isa kam akka filannuargisiisuuf carraa nuu baneera. Kanas akkaataa jireenyaa keenyaanargisiisna. D Iyoob 1:8-12; Fakkeenya 27:11 dubbisi.

5. Waaqayyoon Bulchaa keenya goonee akka filanneakkamitti argisiisuu dandeenya?

Waaqeffannaa dhugaa Macaafa Qulqulluurratti hundaa�e yoobarbaanneefi isaa wajjin walsimnee yoo jiraanne, WaaqayyoonBulchaa keenya goonee akka filanne argisiisna. (Yohannis 4:23)Akkuma Yesus, siyaasa keessa seenuufiwaraanarratti hirmaachuu dhiisuudhaan,Seexanni bulchaa keenya akka hin taaneargisiisna. D Yohannis 17:14 dubbisi.

Seexanni jireenya gadhiisiifi akkaataajireenyaa miidhaa geessisu babal�isa.Wanta akkasiirraa yommuu fagaannu,michoonniifi firoonni keenya tokko tokkonutti ga�isuu ykn nu mormuu danda�u.(1 Phexros 4:3, 4) Yeroo kanatti filannaagochuuf dirqamna. Warra Waaqayyoon jaallatanii wajjin michoo-muu barbaannaa? Seera Waaqayyoo isa ogummaafi jaalalarrattihundaa�eefoo ni abboomamnaa? Taanaan, falmii Seexanni eenyuy-yuu wanta Waaqayyo jedhe raawwachuu hin danda�u jechuudhaankaase soba ta�uusaa mirkaneessina.D 1 Qorontos 6:9,10; 15:33 dubbisi.

Jaalalli Waaqayyo namootaaf qabu hammeenyiifi dhiphinni ye-roo dhihootti akka badu mirkaneessa. Warri bulchiinsi Waaqayyoosirrii ta�uusaa amananiifi Isa Bulchaasaanii godhanii filatan baraba-raaf gammachuudhaan lafarra jiraatu. D Yohannis 3:16 dubbisi.

Filannoon goonuWaaqayyo

Bulchaa keenyaakka ta�u filachuufi

dhiisuu keenyaargisiisa

Odeeffannoo dabalataa argachuuf,kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?jedhamu boqonnaa 11 ilaali.

17

Page 18: Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!

18

1. Seeraan wal fuudhuun gammachuu maatiitiifmurteessaa kan ta�e maaliifi?

Misiraachoon kun Yihowaa, Waaqa isa gammadaa maatiingammachuu akka argatu barbaadu biraa dhufe. (1 Ximotewos 1:11, NW) Gaa�ela kan hundeesse isadha. Bakka ijoolleen tasgab-biidhaan itti guddataniifi gammachuu maatiitiif murteessaawaan ta�eef, gaa�elli seeraan kan galmeeffame ta�uunsaa barbaa-chisaadha. Kiristiyaanonni, gaa�ela seeraan galmeessisuu ilaalchi-see seera mootummaatiif ajajamuu qabu.D Luqaas 2:1, 4, 5 dubbisi.

Waaqayyo gaa�elaaf ilaalcha akkamii qaba? Dhiirriifi durbitokko umriisaanii guutuu akka waliin jiraatan barbaada. Yiho-waan, abbaan manaafi haati manaa amanamoo akka waliif ta�anbarbaada. (Ibroota 13:4) Wal hiikuu ni jibba. (Miilkiyaas 2:16)Hiriyoota gaa�elaa keessaa inni tokko ejja yoo raawwate garuu,wal hiikanii garabiraa akka fuudhan ni heyyama.D Maatewos 19:3-6, 9 dubbisi.

2. Abbaan manaafi haati manaa hariiroo akkamiiqabaachuu qabu?

Yihowaan, dhiiraafi dubartii kan uume wal gargaaranii akkajiraataniif ture. (Uumama 2:18) Abbaan manaa, mataa maatiiwaan ta�eef wanta maatiisaatiif barbaachisu dhiheessuufi waa�eeWaaqayyoo isaan barsiisuuf dursa fudhachuu qaba. Fedhiisaaaarsaa gochuudhaan jaalala haadha manaasaatiif qabu argisii-suu qaba. Lamaanuu wal jaallachuufi wal kabajuu qabu. Hiri-yoonni gaa�elaa cubbuu kan dhaalan waan ta�aniif, dhiifama waliigochuu barachuunsaanii maatiin gammachuu akka qabaatugochuurratti ga�ee guddaa qaba.D Efesoon 4:31, 32; 5:22-25, 33; 1 Phexros 3:7 dubbisi.

9 Maatiinkee GammachuuArgachuu Kan Danda�uAkkamitti?

Page 19: Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!

3. Gaa�ela keetti yoo gammaduu baatte hiriyaagaa�elaakee hiikuu qabdaa?

Siifi hiriyaa gaa�elaakee gidduutti waldhabiinsi yoo uumame,lamaan keessaniyyuu jaalala walitti argisiisuuf carraaqqii gochuuqabdu. (1 Qorontos 13:4, 5) Dubbiin Waaqayyoo, gaa�ela kees-satti waldhabiinsi yommuuuumamu gargar ba�uun furmaataakka ta�e hin ibsu. D 1 Qorontos 7:10-13 dubbisi.

4. Ijoolle, Waaqayyo maal akka argattan barbaada?Yihowaan gammachuu akka argattan barbaada. Dargaggum-

maa keessanitti karaa gammachiisaa ta�een akkamitti itti fayya-damuu akka dandeessan ilaalchisee gorsa gaarii isiniif kenna.Ogummaafi muuxannoo warri keessan qabanirraa faayidaa akkaargattan barbaada. (Qolosaayis 3:20) Kana malees, karaa Uu-maan keessaniifi Ilmisaa barbaadaniin jiraachuudhaan gamma-chuu akka argattan barbaada.D Lallaba 11:9–12:1; Maatewos 19:13-15; 21:15, 16 dubbisi.

5. Warra kan taatan, ijoolleen keessan gammachuu akkaqabaatan gochuu kan dandeessan akkamitti?

Ijoollee keessaniif nyaata, manaafi uffata dhiheessuuf jabaat-tanii hojjechuu qabdu. (1 Ximotewos 5:8) Ta�us, ijoolleen keessangammachuu akka argatan gochuuf, Waaqayyoon akka jaallata-niifi waa�eesaa akka beekan isaan barsiisuu qabdu. (Efesoon 6:4)Jaalala Waaqayyoof qabdan argisiisuudhaan fakkeenya ta�uunkeessan, ijoollee keessanirratti dhiibbaa guddaa geessisa. Qajeel-famni Dubbii Waaqayyoorratti hundooftanii isaaniif kennitan,ilaalcha ijoollee keessaniirratti dhiibbaa gaarii geessisuu danda�a.D Keessa Deebii 6:4-7; Fakkeenya 22:6 dubbisi.

Ijoollee jajjabeessuufi galateeffachuun faayidaa isaaniif argam-siisa. Sirreeffamniifi adabnis isaan barbaachisa. Leenjiin akka-siimmoo, gochawwan gammachuu isaan dhabsiisan raawwa-chuurraa isaan eeguu danda�a. (Fakkeenya 22:15) Ta�us, garajabinaan adabamuu hin qaban. D Qolosaayis 3:21 dubbisi.

Dhugaa Baatonni Yihowaa kitaabota, keessumaa warraafiijoollee gargaaran hedduu qopheessaniiru. Kitaabonni kunis Ma-caafa Qulqulluurratti kan hundaa�anidha.D Faarfannaa 19:7, 11 dubbisi.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf,kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?jedhamu boqonnaa 14 ilaali.

19

Page 20: Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!

1. Amantii dhugaan tokko qofadhaa?Yesus, amantii dhugaan tokko qofa akka ta�e duuka buuto-

tasaa barsiiseera. Amantiin kun daandii gara jireenya baraba-raatti geessuu wajjin wal fakkeeffameera. Yesus, “Namoonni isaargatan muraasa” jechuudhaan waa�ee karaa kanaa dubbateera.(Maatewos 7:14) Waaqayyo, waaqeffannaa Dubbiisaa isa dhu-gaarratti hundaa�e qofa fudhata. Namoonni waaqeffannaa dhu-gaa hordofan hundi amantiidhaan tokko ta�aniiru.D Yohannis 4:23, 24; 14:6; Efesoon 4:5 dubbisi.

2. Yesus waa�ee Kiristiyaanotasobaa maal dubbateera?

Yesus raajonni sobduun Kiris-tiyaanummaa akka mancaasanakeekkachiiseera. Isaan bakkee-dhaan yommuu ilaalaman waaqef-fattoota dhugaa fakkaachuu

danda�u. Sabni Kiristiyaanaas, Kiristiyaanota akka ta�an dubbatu.Haata�u malee, namoonni kun dhugumaan namoota akkamiiakka ta�an hubachuu ni dandeessa. Akkamitti? Amalaafi hojiigaarii namoonni kaan arguu danda�an kan argisiisan waaqeffat-toota dhugaa qofadha. D Maatewos 7:13-23 dubbisi.

3. Waaqeffattoota dhugaa beekuu kan dandeessuakkamitti?

Mee mallattoowwan kana itti beekuu dandeessu shan ilaali:˛ Waaqeffattoonni dhugaa, Macaafa Qulqulluu akka

Dubbii Waaqayyootti fudhatu. Seerawwan bu�uuraa achi kees-satti argaman eeguuf carraaqu. Kanaaf amantii dhugaan, aman-tii isa yaada namootaarratti hundaa�erraa addadha. (Maatewos

15:7-9) Waaqeffattoonni dhugaanwanta lallaban hojiirra olchu.D Yohannis 17:17; 2 Ximotewos 3:16,17 dubbisi.

10 Waaqeffannaa Dhugaa BeekuuKan Dandeessu Akkamitti?

“Raajotasobduu irraa ofeeggadhaa.”—MAATEWOS 7:15.

“Isaan Waaqay-yoon in beeknajedhu, hojii isaanii-tiin garuu isa inganu.”—TIITOOS 1:16.

Page 21: Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!

˛ Duuka buutonni Yesus warri dhugaan, maqaa Waaqay-yoo isa Yihowaa jedhamuuf ulfina kennu. Yesus maqaan Waa-qayyoo akka beekamu gochuudhaan Waaqayyoof ulfina kennee-ra. Namoonni Waaqayyoon akka beekan gargaareera; maqaanWaaqayyoo qulqulluu ta�ee akka eegamuuf akka kadhatanisisaan barsiiseera. (Maatewos 6:9) Naannoo ati jiraattutti,dhaabbanni amantii maqaan Waaqayyoo akka beekamu gochaajiru isa kamidha? D Yohannis 17:26; Roomaa 10:13, 14 dubbisi.

˛ Kiristiyaanonni dhugaan, waa�ee Mootummaa Waaqay-yoo ni lallabu. Waaqayyo, waa�ee Mootummichaa akka lallabuufYesusiin ergeera. Abdiin ilmaan namootaa Mootummaa Waa-qayyoo qofadha. Yesus hanga guyyaa du�asaatti waa�ee Mootum-maa kanaa dubbachuusaa itti fufeera. (Luqaas 4:43; 8:1; 23:42,43) Duuka buutonnisaas waa�ee Mootummichaa akka lallabandubbateera. Namni tokko waa�ee Mootummaa Waaqayyoo yoositti hime, namni kun amantii isa kam hordofa jettee yaadda?D Maatewos 24:14 dubbisi.

˛ Duuka buutonni Yesus, kan biyya lafaa isa hamaa ta�e ka-naa miti. Dhimmawwan siyaasaa ykn walitti bu�iinsa hawaasaar-ratti waan hin hirmaanneef, adda baastee isaan beekuu dandees-sa. (Yohannis 17:16; 18:36) Akkasumas, gochaafi ilaalcha biyyalafaa isa hamaa ta�e kanaa hin hordofan. D Yaaqoob 4:4 dubbisi.

˛ Kiristiyaanonni dhugaan jaalala guddaa waliif qabu. Na-moota sanyii garaagaraa qaban kabajuu akka qaban MacaafaQulqulluurraa barataniiru. Amantiiwwan sobaa yeroo baay�eewaraana saboota gidduutti godhamu kan deggeran si�a ta�u, waa-qeffattoonni dhugaa garuu akkas gochuurraa of qusatu. (Miiki-yaas 4:1-3) Kanaa mannaa, Kiristiyaanonni dhugaan haala ofit-tummaarraa walaba ta�een, yeroofi qabeenyasaanii namootagargaaruufi jajjabeessuuf itti fayyadamu.D Yohannis 13:34, 35; 1 Yohannis 4:20 dubbisi.

4. Amantiin dhugaa isa kam akka ta�e beekuudandeesseettaa?

Dhaabbanni amantii, barumsisaa hundi Macaafa Qulqulluur-ratti hundaa�e, maqaa Waaqayyootiif ulfina kennuufi abdiin il-maan namootaa Mootummaa Waaqayyoo qofa akka ta�e lallabuisa kami? Gareen amantii jaalala argisiisuufi waraana hin degger-rehoo isa kamidha? Atoo waa�ee dhimma kanaa maaltu sittidhaga�ama? D 1 Yohannis 3:10-12 dubbisi.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf,kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?jedhamu boqonnaa 15 ilaali.

21

Page 22: Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!

1. Qajeelfamni kan nu barbaachisu maaliifi?Uumaan keenya ogummaa nurra caalu qaba. Inni Abbaa jaala-

la qabeessa waan ta�eef nuu yaada. Isarraa adda baanee ofiin akkaof geggeessinus kaayyoosaa hin turre. (Ermiyaas 10:23) Kanaaf,akkuma ijoolleen xixinnoon qajeelfamni warrasaanii isaan barbaa-chisu, hundi keenyayyuu qajeelfamni Waaqayyoo nu barbaachisa.(Isaayaas 48:17,18) Seerri bu�uuraa Macaafa Qulqulluu qajeelfa-ma Waaqayyo biraa nuu kennamedha.D 2 Ximotewos 3:16 dubbisi.

Seerriifi seerri bu�uuraa Yihowaa, yeroo ammaa jireenya hun-darra caalu akka jiraannu nu barsiisa; gara fuulduraattis, eebbabarabaraa argachuu kan dandeenyu akkamitti akka ta�e nu huba-chiisa. Waaqayyo Uumaa keenya waan ta�eef qajeelfama inni nuukenne dinqisiifannaadhaan hordofuu qabna.D Faarfannaa 19:7,11; Mul�ata 4:11 dubbisi.

2. Seerawwan bu�uuraa Macaafa Qulqulluu maalidha?Seerawwan bu�uuraa Macaafa Qulqulluu, dhugaawwan bu�-

uuraa achi keessatti ibsaman kan argisiisanidha. Seerawwanim-moo, haalawwan adda ta�anii wajjin wal qabatanii kennamanta�uu danda�u. (Keessa Deebii 22:8) Seera bu�uuraa tokko haalaadda ta�e tokko keessatti hojiirra oolchuun kan danda�amu akka-mitti akka ta�e beekuuf, dandeettii hubannaa keenyatti fayyada-muu qabna. (Fakkeenya 2:10-12) Fakkeenyaaf, Macaafni Qulqul-luun jireenyi kennaa Waaqayyoo akka ta�e barsiisa. Seerri bu�uuraakun, bakka hojiitti, mana keessatti, akkasumas yommuu karaadeemnu nu geggeessuu danda�a. Wantoota balaa geessisan raaw-wachuurraa akka fagaannu gochuudhaanis nu geggeessa.D Hojii Ergamootaa 17:28 dubbisi.

3. Seerawwan bu�uuraagurguddaan lamaan kamfa�i?

Yesus seerawwan bu�uuraahunda caalaa barbaachisaa ta�anlama dubbateera. Seerri bu�uuraa

11Seerawwan Bu�uuraaMacaafa Qulqulluu KanNu Fayyadan Akkamitti?

Seerawwan bu�uuraaMacaafa Qulqulluu,wantoota balaa geessi-san raawwachuurraaakka fagaannu kan nukakaasan akkamitti?—FAARFANNAA 36:9.

Page 23: Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!

inni jalqabaa, kaayyoo itti uumamne, jechuunis Waaqayyoon bee-kuu, isa jaallachuufi amanamummaadhaan isa tajaajiluu kan ibsu-dha. Murtoo goonu hundaarratti seera bu�uuraa isa jalqabaa ka-naaf xiyyeeffannaa kennuu qabna. (Fakkeenya 3:6) Namoonniseera bu�uuraa kanaa wajjin walsimanii jiraatan, Waaqayyoo wajjinmichooma jabaa qabaatu; akkasumas gammachuu dhugaafi jiree-nya barabaraa argatu. D Maatewos 22:36-38 dubbisi.

Seerri bu�uuraa inni lammaffaanimmoo, namoota kaanii wajjinwalitti dhufeenya gaarii akka qabaannu gochuudhaan nu geggees-sa. (1 Qorontos 13:4-7) Seera bu�uuraa isa lammataa kana hojiir-ra oolchuun, fakkeenya gaarii Yihowaan itti namoota qabe hordo-fuu dabalata. D Maatewos 7:12; 22:39, 40 dubbisi.

4. Seerawwan bu�uuraa Macaafa Qulqulluu kannu fayyadan akkamitti?

Seerawwan bu�uuraa Macaafa Qulqulluu maatiiwwan jaalalaantokko ta�uu kan danda�an akkamitti akka ta�e barsiisa. (Qolosaayis3:12-14) Kana malees, Dubbiin Waaqayyoo seera bu�uuraa qajeel-fama ta�ee tajaajilu garabiraa, jechuunis gaa�elli yeroo hundumaafdhaabbataa ta�uu akka qabu barsiisuudhaan maatiidhaaf eegum-sa godha. D Uumama 2:24 dubbisi.

Seerawwan bu�uuraa Macaafa Qulqulluu hordofuun, wanta ji-reenyaaf nu barbaachisu akka hin dhabne nu gargaara; miira kee-nyas nuu eega. Fakkeenyaaf, yeroo baay�ee abbootiin qabeenyaahojjetoota seerawwan bu�uuraa Macaafa Qulqulluu wajjin haalawalsimuun jiraachuudhaan amanamoo ta�aniifi jabaatanii hojje-tan qacaruu filatu. (Fakkeenya 10:4, 26; Ibroota 13:18) Kana ma-lees, Dubbiin Waaqayyoo wanta qabnutti gammannee akka ji-raannuufi qabeenya kamiyyuu caalaa hariiroo Waaqayyoo wajjinqabnuuf bakka guddaa akka kenninu nu barsiisa.D Maatewos 6:24, 25, 33; 1 Ximotewos 6:8-10 dubbisi.

Seerawwan bu�uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuun fay-yaa keenya nuu eeguu danda�a. (Fakkeenya 14:30; 22:24, 25) SeeraWaaqayyo machiirraa akka fagaannuuf baasetti qabamnee jiraa-chuun keenya, balaafi dhukkuba du�aaf nu saaxilurraa nu eega.(Fakkeenya 23:20) Yihowaan dhugaatii alkoolii akka dhugnu hey-yamus garmalee dhuguu garuu ni dhowwa. (Faarfannaa 104:15;1 Qorontos 6:10) Seerawwan bu�uuraa Waaqayyoo, gocha keenyaqofa utuu hin ta�in yaada keenyas akka to�annu nu barsiisuudhaanfaayidaa nuuf argamsiisu. (Faarfannaa 119:97-100) Haata�u ma-lee, Kiristiyaanonni dhugaan ulaagaa Waaqayyo qajeelummaa-dhaaf baase kan kabajan waan isaan fayyaduuf qofa miti. Kanakan godhan Yihowaadhaaf ulfina kennuuf jedhaniiti.D Maatewos 5:14-16 dubbisi.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf,kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?jedhamu boqonnaa 12fi 13 ilaali.

23

Page 24: Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!

24

1. Waaqayyo kadhannaawwan hunda ni dhaga�aa?Yihowaan namoonni hundi kadhannaadhaan akka isatti dhi-

haatan afeereera. (Faarfannaa 65:2) Kana jechuun garuu, ka-dhannaa hunda ni dhaga�a jechuu miti. Fakkeenyaaf, kadhannaannama haadha manaasaa miidhuu ittifamuu danda�a. (1 Phexros3:7) Kana malees, Israa�eloonni gocha gadhee raawwachuusaaniiyommuu itti fufan, Waaqayyo kadhannaasaanii utuu hindhaga�in hafeera. Kanarraa ifatti hubachuun akka danda�amutti,kadhannaan mirga bakka guddaan kennamuufii qabudha.Haata�u malee, Waaqayyo yaada garaasaanii yoo geddaratan ka-dhannaa namoota cubbuu guddaa raawwataniillee ni dhaga�a.D Isaayaas 1:15; 55:7 dubbisi.

2. Kadhannaa dhiheessuu kan qabnu akkamitti?Kadhannaan kutaa waaqeffannaa keenya keessaa tokko waan

ta�eef, kadhannaa dhiheessuu kan qabnu Yihowaa isa Uumaakeenya ta�e qofattidha. (Maatewos 4:10; 6:9) Kana malees, cub-bamoota waan taaneefi Yesusimmoo cubbuu keenyaaf waan nuudu�eef maqaa Yesusiin kadhachuu qabna. (Yohannis 14:6) Yiho-waan wanta yaadatti qabannetti ykn wanta barreeffametti fay-yadamnee irra deddeebi�uudhaan kadhannaa akka dhiheessinuhin barbaadu. Kanaa mannaa, yaada keenyaafi miira keenyabaasnee akka isa kadhannu barbaada.D Maatewos 6:7; Filiphisiiyus 4:6, 7 dubbisi.

Uumaan keenya, kadhannaa utuu sagalee dhageessisin dhi-heessinullee ni dhaga�a. (1 Saamu�el 1:12,13) Yeroo kamittiyyuu,jechuunis ganama, galgala, yeroo nyaataafi yeroo rakkinni numudatu kadhannaa akka dhiheessinu nu afeereera.D Faarfannaa 55:22; Maatewos 15:36 dubbisi.

3. Kiristiyaanonni walga�ii kan godhan maaliifi?Namoota Waaqayyotti hin amanneefi abdii inni addunyaa na-

gaa qabu fiduuf kennerratti ga�isan gidduu waan jiraannuuf,

12 Waaqayyotti Dhihaachuu KanDandeessu Akkamitti?

Page 25: Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!

Waaqayyotti dhihaachuun salphaa miti. (2 Ximotewos 3:1, 4;2 Phexros 3:3,13) Kanaaf, namoota hidhata amantii keenya ta�a-nii wajjin walga�uudhaan wal jajjabeessuu nu barbaachisa.D Ibroota 10:24, 25 dubbisi.

Namoota Waaqayyoon jaallatanii wajjin michoomuun keenyaWaaqayyotti dhihaachuuf nu gargaara. Walga�iiwwan DhugaaBaatonni Yihowaa godhan, amantii warra kaaniirraa faayidaaakka argattuuf carraa sii bana. D Roomaa 1:11, 12 dubbisi.

4. Waaqayyotti dhihaachuu kan dandeessu akkamitti?Wanta Macaafa Qulqulluurraa baratterratti xiinxaluudhaan

Yihowaatti dhihaachuu dandeessa. Gocha, gorsaafi abdii innikennerraa maal barachuu akka dandeessu yaadi. Kadhannaa-dhaan irratti xiinxaluun keenya, dinqisiifannaa jaalalaafi ogum-maa Waaqayyootiif qabnu nuu guddisa.D Iyaasuu 1:8; Faarfannaa 1:1-3 dubbisi.

Waaqayyotti dhihaachuu kan dandeessu yoo isatti amanamteqofadha. Haata�u malee, amantiin akka wanta lubbu qabeessata�e tokkootti kunuunfamuu barbaada. Wantoota amantii keetiifbu�uura ta�an qorachuudhaan, yeroo hunda amantiikee sooruuqabda. D Maatewos 4:4; Ibroota 11:1, 6 dubbisi.

5. Waaqayyotti dhihaachuunkee kan si fayyadu akkamitti?Yihowaan, namoota isa jaallataniif ni yaada. Wanta aman-

tiisaaniifi abdii isaan jireenya barabaraa argachuuf qaban ba-laarra buusuu danda�u kamirraayyuu isaan eega. (Faarfannaa 91:1, 2, 7-10) Akkaataa jireenyaa, fayyaafi gammachuu keenya ba-laadhaaf saaxiluu danda�urraa akka fagaannu nu akeekkachiisa.Yihowaan karaa hundarra caaluun akka jiraannu nu barsiisa.D Faarfannaa 73:27, 28; Yaaqoob 4:4, 8 dubbisi.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf,kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?jedhamu boqonnaa 17 ilaali.

25

Page 26: Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!

26

1. Amantiin hundi gaariidhaa?Namoonni garaa qajeelaa qaban dhaabbilee amantii hunda

keessatti argamu. Waaqayyo namoota akkasii akka arguufi akkaisaaniif yaadu beekuun misiraachoodha. Kan nama gaddisiisu ga-ruu, maqaa amantiitiin hammeenyi hedduun raawwatameera.(2 Qorontos 4:3, 4; 11:13-15) Oduuwwan sabqunnamtii akka ib-sanitti, dhaabbileen amantii tokko tokko shororkeessitummaa,duula sanyii tokko balleessuuf godhamu, waraanaafi miidhaadaa�immanirra ga�urratti hirmaataniiru. Gochi akkasii, namootagaraa qajeelaa qabaniifi Waaqayyotti amanan baay�ee gaddisiisa!D Maatewos 24:3-5, 11, 12 dubbisi.

Amantiin dhugaa, Waaqayyoof ulfina argamsiisa; amantiinsobaa garuu wantoota Waaqayyoon gaddisiisan raawwata.Amantiin sobaa, waa�ee Waaqayyoofi waa�ee namoota du�aniidabalatee yaadawwan Macaafa Qulqulluu keessatti hin argamnebarsiisa. Yihowaan garuu namoonni waa�eesaa wanta dhugaata�e akka beekan barbaada.D Hisqi�el 18:4, hiika bara 1899; 1 Ximotewos 2:3-5 dubbisi.

2. Amantii ilaalchisee wanti misiraachoo ta�e maalidha?Kan nama gammachiisu garuu Waaqayyo, amantii biyya lafaa

isa Seexanni seerratu jaallachaa akka isa jaallatu dubbatuun hingowwoomfamu. (Yaaqoob 4:4) Dubbiin Waaqayyoo, dhaabbileeamantii sobaa hunda “Baabilon Guddittii” jedhee waama. Ma-qaan Baabilon jedhu, Bishaan Badiisaa bara Nohitti ga�e booda,magaalaa guddittii bara durii amantiin sobaa itti jalqabamerraakan fudhatamedha. Waaqayyo yeroo dhihootti amantii ilmaannamootaa gowwoomsuufi hacuucu ni balleessa.D Mul�ata 17:1, 2, 5, 16, 17; 18:8 dubbisi.

Misiraachoon nama gammachiisu garuu kana qofa miti. Yi-howaan namoota garaa qajeelaa qabaniifi dhaabbilee amantiisobaa guutummaa biyya lafaa keessatti faffaca�anii jiran hin ir-raanfatu. Waaqayyo namoota akkasii dhugaa barsiisuudhaantokkummaa akka qabaatan gochaa jira.D Miikiyaas 4:2, 5 dubbisi.

13 Amantii Ilaalchisee WantiMisiraachoo Ta�e Maalidha?

Page 27: Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!

3. Namoonni garaa qajeelaa qaban maal gochuu qabu?Yihowaan namoota wanta dhugaafi gaarii ta�e jaallataniif ni

yaada. Amantii sobaa keessaa akka ba�anis isaan gorsa. Namoon-ni Waaqayyoon jaallatan jijjiirama barbaachisaa ta�e gochuu-dhaan isa gammachiisuuf fedhii qabu. D Mul�ata 18:4 dubbisi.

Jaarraa jalqabaatti, namoonni yaada qajeelaa qaban misiraa-choo ergamoota Yesusirraa dhaga�an gammachuudhaan fudhata-niiru. Akkaataa jireenyaa haaraa, jireenya gammachuu qabu, ak-kasumas jireenya kaayyoofi abdii qabu Yihowaarraa barataniiru.Namoonni kun misiraachicha dhaga�uudhaan jireenyasaanii kees-satti Yihowaadhaaf dursa waan kennaniif, fakkeenya gaarii nuufta�u. D 1 Tasaloniiqee 1:8, 9; 2:13 dubbisi.

Yihowaan namoota amantii sobaa keessaa ba�anii miseensawaaqeffattoota maatiisaa ta�an gammachuudhaan simata. Afeer-rii Yihowaan siif dhiheesse yoo fudhatte michuusaa taata; maatiijaalala qabuufi waaqeffattoota Yihowaa ta�aniifis hidhata taata;akkasumas jireenya barabaraa argatta.D Maarqos 10:29, 30; 2 Qorontos 6:17, 18 dubbisi.

4. Waaqayyo guutummaa biyya lafaarrattigammachuu kan fidu akkamitti?

Firdiin amantii sobaarra ga�u misiraachoodha. Firdiin kun guu-tummaa biyya lafaarratti hacuuccaa ni hambisa. Amantiin sobaalammata matumaa ilmaan namootaa hin gowwoomsu; gargarishin qoqqoodu. Namni yeroo sanatti jiraatu hundi, Waaqa dhu-gaa isa tokkicha waaqeffachuudhaan tokko ta�a.D Mul�ata 18:20, 21; 21:3, 4 dubbisi.

Amantiin dhugaanamoota tokko

gochaa jira

Odeeffannoo dabalataa argachuuf,kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?jedhamu boqonnaa 15fi 16 ilaali.

27

Page 28: Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!

28

1. Waaqayyo saba Israa�el durii kan gurmeesse maaliifi?Waaqayyo, sanyii Abrahaam isa abbaa amantii akka saba

tokkootti erga gurmeessee booda seera ittiin bulan kenneeraaf.Saba sanas “Israa�el” jedhee kan waame si�a ta�u, waaqeffannaadhugaafi dubbisaa isaaniif kenneera. (Faarfannaa 147:19, 20)Kunis sabni biyya lafaa hundi Israa�elootarraa faayidaa akka ar-gatan godheera. D Uumama 22:18 dubbisi.

Waaqayyo, Israa�eloota dhugaa baatotasaa godhee filateera.Namoonni seera Waaqayyootiif yommuu abboomaman akka-mitti akka fayyadaman seenaa Israa�eloota duriirraa hubachuunni danda�ama. (Keessa Deebii 4:6) Kanaaf, namoonni kaanIsraa�eloota ilaaluudhaan isaanirraa barumsa argachuu danda�u.D Isaayaas 43:10, 12 dubbisi.

2. Kiristiyaanonni dhugaan gurmaa�uun kan isaanbarbaachise maaliifi?

Yeroo booda, Israa�eloonni Waaqayyo biratti fudhatama kandhaban si�a ta�u, Yihowaanis saba sana gumii Kiristiyaanaatiinbakka buuseera. (Maatewos 21:43; 23:37, 38) Kanaaf yeroo am-maa, bakka Israa�elootaa bu�uudhaan dhugaa baatota Yihowaata�anii kan tajaajilan Kiristiyaanota dhugaati.D Hojii Ergamootaa 15:14, 17 dubbisi.

Yesus, duuka buutonnisaa akka lallabaniifi saba hundumaakeessaa namoota bartoota akka godhaniif isaan gurmeesseera.(Maatewos 10:7,11; 24:14; 28:19, 20) Kan jiraannu guyyootagara dhumaa keessa yommuu ta�u, hojiin kunis yeroo ammaattixumuramuuf jedha. Yihowaan, seenaa keessatti yeroo jalqabaa-tiif, namoota miliyoonaan lakkaa�amaniifi saba hundumaa kees-saa dhufan waaqeffannaa dhugaatiin tokko godheera. (Mul�ata7:9,10) Kiristiyaanonni dhugaa kan gurmaa�an, wal jajjabeessuufiwal gargaaruufidha. Addunyaa maratti, bakka walga�iisaaniittibarumsa Macaafa Qulqulluu wal fakkaatutu isaaniif kennama.D Ibroota 10:24, 25 dubbisi.

14Waaqayyo, JaarmiyaaQabaachuun Kan IsaBarbaachise Maaliifi?

Page 29: Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!

3. Jaarmiyaan Dhugaa Baatota Yihowaa, bara keenyattihojiisaa kan jalqabe akkamitti?

Bara 1870mmanitti, barattoonni Macaafa Qulqulluu muraas-ni, dhugaa Macaafa Qulqulluu bara dheeraadhaaf dhokatee turedeebisanii argachuu jalqaban. Yesus, gumii Kiristiyaanaa kanhundeesse hojii lallabaatiif ta�uusaa waan hubataniif, Mootum-maa Waaqayyoo addunyaa maratti labsuuf duula jalqaban.Bara 1931tti maqaa Dhugaa Baatota Yihowaa jedhamuun waa-mamuu jalqaban. D Hojii Ergamootaa 1:8; 2:1, 4; 5:42 dubbisi.

4. Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo ammaatti kangurmaa�an akkamitti?

Jaarraa jalqabaatti, gumiin Kiristaanaa biyyoota hedduuttiargaman, Qaama Olaanaa Yesusiin akka Mataa gumiitti ilaalur-raa qajeelfama argatu turan. (Hojii Ergamootaa 16:4, 5) Haalu-ma wal fakkaatuun har�as, Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaamaratti argaman jaarsolii muuxannoo qabaniifi Qaama Olaanaata�anii tajaajilanirraa qajeelfama argatu. Qaamni Olaanaan bar-reeffamoota Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf gargaaraniifiwaajjiroonni damee Dhugaa Baatota Yihowaa hiikan, maxxansa-niifi afaan 600 ol ta�uun raabsan olaantummaadhaan to�ata. Ka-naaf, Qaamni Olaanaan gumiiwwan 100,000 ol ta�aniif jajjabi-naafi qajeelfama Caaffata Qulqullaa�oorratti hundaa�e kenna.Gumii hunda keessatti, dhiironni ga�umsa qaban, jaarsolii yknilaaltuu olaanaa ta�anii tajaajilu. Dhiironni kun karra hoolotaWaaqayyoo jaalalaan kunuunsu. D 1 Phexros 5:2, 3 dubbisi.

Dhugaa Baatonni Yihowaa kan gurmaa�an misiraachicha lal-labuufi namoota bartoota gochuufidha. Akkuma ergamoota Ye-sus, nuyis manaa gara manaa dhaqnee lallabna. (Hojii Ergamoo-taa 20:20) Namoonni garaa qajeelaa qabaniifi dhugaajaallatanis, Macaafa Qulqulluu akka qayyabatan afeerra.Haata�u malee, Dhugaa Baatonni Yihowaa akkasumaan jaarmi-yaa qofa miti. Nuyi miseensa maatii Abbaa jaalala qabeessa ta�eqabudha. Kana malees, akka obboleessaafi obboleettiittiwaliif yaanna. (2 Tasaloniiqee 1:3) Sabni Yihowaa,Waaqayyoon gammachiisuufi namoota gargaaruufwaan gurmaa�aniif, lafa kanarratti hunda caalaamaatii gammachuu qabu ta�aniiru.D Faarfannaa 33:12; Hojii Ergamootaa 20:35 dubbisi.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf,kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?jedhamu boqonnaa 19 ilaali.

Page 30: Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!

1. Macaafa Qulqulluu qayyabachuu itti fufuunkeekan si fayyadu akkamitti?

Barumsi bu�uuraa Macaafa Qulqulluu hanga ammaatti ilaalle,jaalala Yihowaadhaaf qabdu akka sii guddise hin shakkisiisu. Jaalallikun caalaatti guddachaa akka adeemu gochuuf, carraaqqii gochuukeenya itti fufuu qabna. (1 Phexros 2:2) Abdiin jireenya barabaraaargachuuf qabdu, Dubbii Waaqayyoo qayyabachuudhaan Waaqay-yotti dhihaachuu itti fufuu keerratti kan hundaa�edha.D Yohannis 17:3; Yihudaa 21 dubbisi.

Waaqayyoon ilaalchisee beekumsi qabdu guddachaa yommuuadeemu amantiinkees ni jabaata. Amantiinimmoo Waaqayyoongammachiisuuf si gargaara. (Ibroota 11:1, 6) Qalbii geddarachuufiakkaataa jireenyaa keerratti jijjiirama barbaachisaa gochuuf si ka-kaasa. D Hojii Ergamootaa 3:19 dubbisi.

2. Beekumsi Waaqayyoon ilaalchisee argatte namootakaan fayyaduu kan danda�u akkamitti?

Wantoota baratte namootatti himuun waanuma jirudha; hundikeenyayyuu misiraachoo namootatti himuun nu gammachiisa. Qay-yabannaakee yommuu itti fuftu, Macaafa Qulqulluutti fayyadamteeamantii Yihowaafi misiraachicharratti qabdu ibsuu kan dandeessuakkamitti akka ta�e baratta. D Roomaa 10:13-15 dubbisi.

Namoonni hedduun misiraachicha michoota ykn firoottansaa-niitti himuudhaan jalqabu. Misiraachicha yeroo lallabdu malaangargaarami. Amantiinsaanii dogoggora akka ta�e dubbachuu man-naa abdiiwwan Waaqayyo kenne itti himi. Namoonni yeroo baay�eewanta ati dubbattu caalaa gaarummaa ati argisiistuuf xiyyeeffannaaakka kennanis yaadadhu. D 2 Ximotewos 2:24, 25 dubbisi.

3. Waaqayyoo wajjin hariiroo akkamii qabaachuudandeessa?

Dubbii Waaqayyoo qayyabachuunkee karaa hafuuraa gudda-chuuf si gargaara. Suutuma suutas, Yihowaa wajjin michooma adda

15 Waa�ee Yihowaa Barachuukee IttiFufuu Kan Qabdu Maaliifi?

Yihowaadhaaf of murteessuu-dhaan isaa wajjin michoomaaddaa qabaachuu dandeessa

Page 31: Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!

ta�e qabaatta. Akkasumas, miseensa maatiisaa keessaa tokko ta�uu-dhaan kansaa ta�uu dandeessa. D 2 Qorontos 6:18 dubbisi.

4. Guddina argisiisuukee itti fufuu kan dandeessu akkamitti?Dubbii Waaqayyoo qayyabachuukee itti fufuudhaan gama ha-

fuuraatiin guddina argisiisaa deemuu dandeessa. (Ibroota 5:13,14)Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa namni tokko, kitaaba MacaafniQulqulluun Maal Barsiisa? jedhamutti fayyadamee akka si qayyabsiisugaafadhu. Dubbii Waaqayyoorraa barachaa yommuu adeemtu, ji-reenyikees caalaatti fooyya�aa dhufa.D Faarfannaa 1:1-3; 73:27, 28 dubbisi.

Misiraachoon kun Yihowaa isa Waaqa gammadaa biraa dhufe.Namoota sabasaa ta�anitti michoomuudhaan isatti dhihaachuudandeessa. (Ibroota 10:24, 25) Carraaqqii Yihowaa gammachiisuufgootu itti fufuudhaan, jireenya dhugaa, jechuunis jireenya baraba-raa argatta. Waaqayyotti dhihaachuun wanta gochuu dandeessuhundarra kan caaludha. D 1 Ximotewos 1:11; 6:19 dubbisi.

Birooshurri kunmaxxansaanis ta�e Weebsaayitii www.jw.orgjedhamuun afaandhibbaan lakkaa�amuunargama

MACAAFNIQULQULLUUNMaal BARSIISA?

Odeeffannoo dabalataa argachuuf,kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?jedhamu boqonnaa 18 ilaali.

31

Page 32: Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!

MATADUREENCAALAATTI

XIYYEEFFANNAAKEEHAWWATE ISA

KAMIDHA? 1 2 3

4 5 6 7

8 9 10 11

12 13 14

Misiraachoon kunmaalidha?

Waaqayyoeenyudha?

Dhugumaanmisiraachoon kunWaaqayyo biraadhufee?

Yesus Kiristoseenyudha?

Kaayyoon Waaqayyolafaaf qabu maalidha?

Namoonni du�an abdiimaalii qabu?

MootummaanWaaqayyoomaalidha?

Waaqayyo,hammeenyiifidhiphinni akka jiraatumaaliif heyyame?

Maatiinkeegammachuuargachuu kandanda�u akkamitti?

Waaqeffannaadhugaa beekuu kandandeessu akkamitti?

Seerawwan bu�uuraaMacaafa Qulqulluukan nu fayyadanakkamitti?

Waaqayyottidhihaachuu kandandeessu akkamitti?

Amantii ilaalchiseewanti misiraachoota�e maalidha?

Waaqayyo, jaarmiyaaqabaachuun kan isabarbaachise maaliifi?

www.jw.org fg-OA