mootummaa naannoo oromiyaatti, leenjii babal'isa misooma
TRANSCRIPT
Leenjii Hojjettoota Misooma hundaaf kan Qophaa’e
Mootummaa Naannoo Oromiyaatti, Leenjii Babal'isa Misooma Atooboonsituu
Qajeelcha Haala Mijeessitootaa
Hojjettoota Misooma hundaaf kan Qophaa’e
Qajeelcha Leenjistootaa
Mootummaa Naannoo Oromiyaatti, Leenjii Babal'isa Misooma Atooboonsituu
Waxabajji 2011Finfinnee
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 2011 i
Galata
GalataQaamoti qophii maanuwaalii kanaa keessatti qooda fudhatan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa, Yuunitii Qindeessa Sagantaa Guddina Qonnaa Oromiyaa, CASCAPE, fi Pirojektii Gahoomina Dandeettii Sagantaa Guddina Qonnaa (AGP2 CDSF) dha. Maanuwaaliin leenjii kun deggersa maallaqaa Pirojektii Gahoomina Dandeettii Sagantaa Guddina Qonnaa (AGP2 CDSF) fi CASCAPE tiin qophaa’e. Pirojektiin CASCAPE-Yunivarsitii Jimmaa odeeffannoo barbaadamu hunda kennuudhaan deggersa godheef ni galateeffanna. Akkasumas, ogeessota qonnaa aanaalee, hojjetoota misoomaa fi qonnan bultoota filatamanii yaada kennuudhaan fooyya’iinsa maanuwaalii kanaatiif gumaachan ni galateeffanna.
Qophiin maanuwaalii kanaa irratti kan hirmaatan:
Lakk MaqaaDhaabbata isaanii Gahee hojii
1 Malkaamuu Maammuyyee
JU CASCAPE Qorataa
2 Mulunaa Moosisaa AGP2 CDSF Ogeessa Misooma Dandeettii
3 Girmaa Takkaaliny AGP2 CDSF Ogeessa Misooma Dandeettii Sirna Nyaataa
4 Addunyaa Fiixee AGP Ogeessa Ijaarsa Dandeettii fi Komunikeeshenii
5 Tirfeessaa Leellisaa AGP Ogeessa Koorniyaa fi Sirna Nyaataa
6 Gaaddisaa Ijjiguu BQQU Ogeessa Ekisteenshenii fi Komunikeeshenii
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 2011ii
Lakk MaqaaDhaabbata isaanii Gahee hojii
7 Abbabaa Miijanaa AGP Ogeessa Qonnaa fi Gabaa
8 Baqqalaa Dirribaa AAU CASCAPE Ogeessa Karooraa
9 Hambisaa Burqaa BQQU Ogeessa Koorniyaa
Baafata
Galata i
Gabaajee viii
Seensa 1
Kutaa 1: Haala Mija’aa Oomisha Aatooboonsituu 41.1. Kaayyoo Kutaa Kanaa 4
1.2. Haala ol-ka’insa lafaa 4
1.3. Ho’a 4
1.4. Haala Roobaa 5
1.5. Gosa Biyyoo 5
Kutaa 2: Akaakuu Sanyii, Qophii lafaa fi haala facaasaa 62.1. Kaayyoo Kutaa Kanaa 6
2.2. Akaakuu sanyii 6
2.3. Qophii Maasaa 11
2.4. Midhaan Facaasuu 12
Kutaa 3: Gabbina Biyyoo fooyyessuu 153.1. Kaayyoo Kutaa Kanaa 15
3.2. Itti fayyadama xaa’oo 15
3.3. Dhangaggaa’ummaa biyyoo (soil acidity) fooyyessuu 20
Kutaa 4: Eegumsa Midhaanii 224.1. Kaayyoo Kutaa Kanaa 22
4.2. Aramaa to’achuu 22
4.3. Ilbiisa to’achuu 26
4.4. Dhukkuba to’achuu 28
Kutaa 5: Haamaa fi Qabiinsa Omisha Boodaa 315.1. Kaayyoo Kutaa Kanaa 31
5.2. Haamaa/sassaabbii 31
5.3. Dhahuu 32
5.4. Kuusuu 33
5.5. Sona dabaluu 33
5.6. Haala gabaa mijeessuu 34
Kutaa 6: Dhimmoota Hunda Galeeyyii (Cross Cutting Issues) 36
6.1. Kaayyoo Kutaa Kanaa 36
6.2. Koorniyaa 36
6.3. Sirna nyaataa 38
6.4. Qonna Haala Qilleensaan Wal-sime 42
Waabii 44
Tarreeffama Fakkiiwwanii
Fak. 1: Qophii lafaa 12
Fak 2: Sanyii Aatooboonsituu 13
Fakk 3: Aatooboonsituu tooraan faca’e 14
Fakkii 4: hidda (nodule) aatooboonsituu 16
Fakki 5: Tartiiba sanyii baakteeriyaa rhayizobiyemii wajjin wal makuu 17
Fakkii 6: xaa’oo kemikaalaa waliin makanii buusuu 19
Fak 7: Tooftaa fayyadama nooraa 21
Fak 8: Tooftaaa fayyadama compostii 21
Fak 9: Gosa aramaa beekamoo naannoo kibba lixa Itoophiyaatti 23
Fakkii 10: Injiraan midhaanii 27
Fakkii 11: Suuraa African bollworm(Madda:www.infonet-biovision.org) 27
Fakk 12: Brown spot (mallattoo dhukkuba baakteeriyaal bilaayitii (bacterial blight) 30
Fakk 13: Mallattoo dhukkuba waagii (rust) 30
Fakk 14: Antirakinoosii (Antracnose) 30
Fakk 15: Hirmaannaa hojii 38
Fakki 16: Suuraa nyaata adda addaa aatooboonsituu irraa qophaa’e 40
Fak 17: Akkaataa aannan, baaduun, itittuu fi siicoon aatooboonsituu itti qophaa’u 41
Tarreeffama Gabateewwanii
Gabatee 1: Ibsa haala qilleensa mijataa fi akaakuu sanyii aatooboonsituu adda addaa 8
Gabate 2: keemikaala farra aramaa omisha aatooboonsituu fi akkaataa itti fayyadama isaa 25
Gabate 3: keemikaala farra aramaa omisha aatooboonsituu fi akkaataa itti fayyadama isaa 27
Gabatee 4: Gosa dhukkubaa fi haala to’annaa isaaa naannoo Lixa Itoophiyaatti 29
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 2011 vii
Gabaajee
Gabaajee
AGP CU Agricultural Growth Program Coordination Unit
BQQU Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa
CASCAPE Capacity Building for Scaling Up of Evidence Based Best Practices in Agricultural Production in Ethiopia
CDSF Capacity Development Support Facility
DA Development Agent
DAP Di-ammonium phosphate Fertilizer
Gm Giraama
Mg Miligiraama
Hek Hektaara
IITA International Institute of Tropical Agriculture
IPM Integrated Pest Management
JU Jimma University
Kun Kuntaala
MM Milimeetira
masl Meters above sea level
N Nitrogen
NPSB Nitrogen, Phosphorus, Sulphur, and Boron Containing Fertilizer
SMS Subject Matter Specialist
YKN Yookaan
Seensa
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 2011 1
Seensa
Barreeffamni kun kan qophaa’e muuxannoo pirojektii ‘CASCAPE’ tiin maasaa qonnaan bultoota aanaa Bedelle fi Limmuu Saqqaa irraatti hojjatameeni dha. Bara jalqaba Piroojeektii ‘CASCAPE’tiin gamaaggama hirmaachisaa gaggeeffameen rakkooleen: sirni soorataa nuffisiisaa ta’e (boqqolloo fi mishingaa qofa irratti hunda’e) fi sirni omiishaa gabbina biyyee hir’isu adda baafamanii ture. Rakkoolee kana fooyyessuuf furmaata taa’an keessaa omiisha aatooboonsituu babal’isuun sirna nyaataa fooyyessuu fi midhaan biroo wajjin wal jijjijjiranii facaasuun rakkoo gabbina biyyee foyyeesuuf akka gargaaru itti amanameera.
Aatooboonsituu sadarkaa baadiyyaatti bifa adda addaatiin qopheessanii nyaachuun madda pirootinii ta’ee fayyaduu irra darbee oomisha bal’aan wayita argamu qaama adda addaatti gurguramee galii maatii guddisuufis ni gargaara. Aatooboonsituun kutaalee Itoophiyaa irra caalu keessatti midhaan induustirii akkasumas nyaataaf oomiishamuu dha. Keessumaa ammoo, kutaa dhiha Itoophiyaa keessatti galii qonnaan bulaa salphaadhaan dabaluu ni danda’a. Aatooboonsituun Itoophiyaa keessatti qotamaa kan jiru sababa bu’aa nyaataa fi dinagdee inni qaamota warshaa keessaa fi al-ergeef kennaa jiruuni dha. Akkasumas, gabaa biyya keessaa fi gabaa biyya alaa irratti kan barbaadamu madda zayita kuduraa isa olaanaa dha. Aatooboonsiituun giddugaleessaan pirootiinii %40
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 20112
waaan qabuuf kuduraalee fi madda nyaata beelladootaa Itoophiyaa keessatti argamanii olitti pirootiiniidhaan kan duroome dha. Firiin (grain) aatooboonsituu %20 zayita qaba; kunis %85 zayita hin kantarre (unsaturated) fi koleestiroolii irraa bilisaa dha.
Aatooboonsituun gosa midhaan dheedhii argamni isaa Baha Eeshiyaa (East Asia) ta’e dha. Midhaan kun gosoota midhaan zayitaa fi …… jalatti qoodamudha. Nyaatni aatooboonsituu cooma irra bilisa ta’e gatiin isaa gadi aanaa, nyaata belladaa tiif madda pirootinii fi albuuda hedduun kan guutame dha. Zayitni aatooboonsituu (soy vegetable oil) irra qopha’u bu’aa kan biroo midhaan aatooboonsituu irraa argamu dha. Lafa nuusa hektaaraa irra gosa kuduraa ykn gosa midhaan callaa (grain crops) kami iyyuu oomishnee pirootiinii argannu caalaa aatooboonsituun yoo oomishame pirootiinii dachaa lamaan caalmaa kennuu ni danda’a; gama biroon lafa nuusa keektaaraa dheedicha horii tiif lafa baasnee pirotiinii aannan irraa argannu caalaa aatooboonsituu oomishnee pirotiniin argannu harka 5-10 caalmaa argisiisa, akkasumas pirotiniin lafa nuusa heektaaraa horiin dheedee oomisha foonii irraa argamu caalaa aatooboonsituu oomishuudhaan pirotiniin argama harka 15 caalmaa argisiisa.
Aatooboonsituun midhaan dheedhii bu’a qabeessa sadarkaa adunyaatti beekamudha. Midhaan kun fayidaa adda addaatiif oola. Itoophiyaa keessatti bara oomishaa 2016/17 tti, lafti heektaari 36,635.79 midhaan kanaan uwwifamee oomishti kuntaalli
Seensa
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 2011 3
812,346.59 gadi hin taane argameera (Kitaaba Galmee Gosoota midhaanii, lakk. dhimmaa 20). Qabiyyeen zayita isaa olaanaa (16% fi isaa ol) waan ta’eef oomisha zayita nyaataa tiif ni tajaajila. Hafteen oomisha isaas gatii salphaan kan argamuu fi nyaata namaa fi horii tiif madda pirootiinii garii dha. Akka aannanii fi foon aatoo boonsituuttis itti fayyadamuun ni danda’ama.
Faayidaa bal’aa aatooboonsituun qabu (soorata adda addaa, zayita nyaataa, nyaata horii, galtee warshaa, gabbina biyyee fi kkf ) irraan kan ka’e gabaan aatooboonsituu Itoophiyaa keessatti ariitiidhaan guddataa jira. Yeroo ammaa kanas warshaaleen nyaataa adda addaa fi zayita aatooboonsituu irraa oomishan kutaalee biyya keenyaa keessatti babal’achaa jiru. Qajeelfamni kunis kan ibsu hojimaata hojjetootni misoomaa itti fayadamanii qonnaan bultootni aatooboonsituu haala bu’a qabeessa ta’een akka oomishaniif deggersa ittiin kennani dha. Qajeelfamni oomiishaa kun kan qophaa’e muuxannoo qonnaan bultoota godina Ilubbaaboor fi Jimma keessatti aanaalee filatamanii qorannoon irratti geggeeffame bu’uura godhachuudhaani.
Kaayyoo maanuwaalii kanaa • Tooftaalee teekinooloojii misooma aatoboonsituu qonnaan bulaa
biratti ittiin babal’isuuf,
• Maanuwaalii kana fayyadamuudhaan qonnaan bulaa leenjisuuf.
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 20114
Kutaa 1: Haala Mija’aa Oomisha Aatooboonsituu
1.1. Kaayyoo Kutaa Kanaa:
Dhuma kutaa kanaa irratti hirmaatotni haala qilleensaa (agro-ecology) aatooboonsituun keessatti omishtummaa guddaa kennuu danda’u ni ibsu.
1.2. Haala ol-ka’insa lafaa • Aatooboonsituun iddoowwan badda daree rooba ga’aa ji’a afurii
hanga afurii fi walakkaa qaban irratti bal’inaan ni omishama.
• Olka’insa lafaa galaana irraa meetira 750-1800 tti omisha olaanaa ni kenna.
• Baayinni ho’aa aatooboonsituun barbaadu sadarkaa guddinaa adda addaatti garaa garummaa yoo qabaate illee yeroo facasaatti ho’inni biyyee °C 15 yoo ta’e biqila saffisiisuuf gaarii ta’a; waluma galatti garuu sadarkaa guddinaa hundatti ho’i oc 25 ga’aadha.
1.3. Ho’a • Ho’a barbaachisu ilaalchisee sadarkaa guddina hundaafuu ho’i 0c
25 ga’adha jedhamee yaadama. Fedhiin ho’aa aatooboonsituun barbaadu sadarkaa guddina adda addaatti garaa garumma qaba. Yeroo facaasaatti biqila saffisiisudhaaf ho’insi biyyee keessaa naannoo 0c 15 ta’uu qaba.
Kutaa 1: Haala Mija’aa Oomisha Aatooboonsituu
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 2011 5
1.4. Haala Roobaa • Aatooboonsituun hanga roobaa mm 460-1500 yoo argate sirritti biqilee
firii kennuu ni danda’a.
• Biqila irraa hanga daraarutti jiidhina xiqqaa dandamachuu kan danda’u ta’us yeroo poodii uummatuu fi firii guuttatu jidhina/rooba gahaa barbaada.
1.5. Gosa Biyyoo • Aatooboonsituu gosa biyyoo adda addaa dhangaggaa’ummaan isaa
PH 4.5 hanga 8.5 irratti oomishuun ni danda’ama.
• Biyyoon dhangagga’aa /asiidawaa (PH isaa xiqqaa) ta’e lubbu qabeeyyii naayitiroojiinii qilleensa irraa biyyootti dabaluu danda’an irratti dhiibbaa waan qabuuf oomisha hir’isuu ni danda’a.
• Gosti biyyoo bishaan kuusu biqila sanyii irratti dhiibbaa waan qabuuf omisha aatooboonsituuf mijataa miti.
• Gosti biyyoo salphaa ta’e oomisha aatooboonsituuf mijataa dha. Sababiin isaas:
• qilleensi haala salphaa ta’een biyyoo keessa naanna’uu waan danda’uuf,
• baakteeriyotni naayitroojiinii qilleensa keessaa biyyootti dabalan akka salphaatti keessa jiraachuu waan danda’aniif,
• bishaan waan hin kuusneef,
• dhiqama biyyoo cimaa waan hin qabneef,
• aramaan waan itti hin baay’anneef, aramuufis salphaa waan ta’eef,
• albuudaaleen biyyoo keessaa haala salphaa ta’een naannoo hidda midhaaniitti dhiyaachuu waan danda’aniif, fi kkf.
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 20116
Kutaa 2: Akaakuu Sanyii, Qophii lafaa fi haala facaasaa
2.1. Kaayyoo Kutaa Kanaa:
Dhuma kutaa kanaa irratti hirmaattonni:
• Waa’ee sanyii fooyya’aa aatooboonsituu akaakuu ‘Clark-63’ ni ibsu.
• Haala qophii maasaa fi mala facaasaa aatooboonsituu akaakuu ‘Clark-63’ ni ibsu.
2.2. Akaakuu sanyii • Oomisha aatooboonsituu keessatti akaakuu sanyii gaarii filachuun
omishtummaa olaanaa itti fufiinsa qabu argachuuf baayyee barbaachisaa dha.
• Akaakuu aatooboonsituu filachuuf dhimmi murteessaan bilchaachuuf yeroo inni fudhatu (maturity period) dha.
• Fakkeenyaaf, akaakuun ‘Ethio- Ug’ jedhamu boodatti harkifatee waan ga’uuf guyyoota 120 ol fudhata. Kanaaf ji’a Waxabajjii jalqaba irratti facaasuu qabna.
• Akaakuun ‘Clark-63’ jedhamu ammoo giddugaleessaan guyyoota 100-120 fudhata. Kanaaf walakkeessa ji’a Waxabajjii irraa hanga dhumaatti facaasuu qabna.
Kutaa 2: Akaakuu Sanyii, Qophii lafaa fi haala facaasaa
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 2011 7
• Akaakuun ‘ Ethio- Ug’ jedhamu rooba yeroo dheeraa barbaada.
• Qonnaan bulaan sanyii aatooboonsituu dursee ga’uu danda’u, guddina firii isaa fi bifa sanyii irratti hundaa’ee filata.
• Yaalii madaqsuu fi agarsiisuu gosa xaa’oo lamaan (DAP fi Tale (baayoofertilaayizarii) fayyadamuun bara 2005/06 ALI tti gaggeeffameen akaakuu ‘ Ethio- Ug’ fi ‘Clark-63’ jedhamu irraa omishtummaan heektaara irraa walduraa duubaan kuntaala 28 fi 35 argamee jira.
• Akaakuun ‘Clark-63’ jedhamu, ‘Ethio-Ug fi CS-1 wajjin dorgomsiifamee kan filameef:
• firiin isaa gurguddaa ta’uu,
• omishtummaa guddaa qabaachuu,
• baalli isaa gurguddaa waan ta’eef gahinsa irratti baala yommuu harcaafatu gabbina biyyoo dabaluu,
• gahinsa irratti amala gogee harca’uu (shattering) kan hinqabne ykn xiqqaa ta’uu, fi
• bifti firii isaa adii fi barbaadamaa ta’uu isaa ti.
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 20118
Gaba
tee
1: Ib
sa h
aala
qill
eens
a m
ijata
a fi
akaa
kuu
sany
ii aa
toob
oons
ituu
add
a ad
daa
Lakk
ofsa
Akaa
kuu
sany
iiOo
msh
tum
maa
(k
g/ha
)Ye
roo
bilc
hina
a (d
ays)
Haal
a qi
lleen
saa
inni
ba
rbaa
du (
whe
re g
row
n)
1G
izo
1700
-210
094
-104
Naa
nnoo
lixa
a fi
kibb
a lix
a bi
yyat
tii b
akka
roob
a ye
roo
dhee
ra q
abut
ti2
Weg
ayen
1800
-210
010
1-10
9
3G
isham
a15
00-1
800
90-1
00N
aann
oo li
xaa
fi ki
bba
lixa
biyy
attii
bak
ka ro
oba
yero
o ga
baab
aa q
abut
ti
4Aw
assa
-95
1700
-260
090
-120
Naa
nnoo
lixa
a fi
kibb
a lix
a bi
yyat
tii b
akka
roob
a ye
roo
dhee
ra q
abut
ti
5Be
lesa
-95
1700
-290
013
4-16
9N
aann
oo li
xaa
fi ki
bba
lixa
biyy
attii
bak
ka ro
oba
yero
o dh
eera
qab
utti
6Bo
she
1600
-300
011
7-12
4N
aano
olee
han
ga ro
oba
gidd
u ga
lees
saa
fi gu
ddaa
qab
anitt
i7
Cher
i15
00-2
200
120-
135
8D
hidh
essa
2000
-330
013
7-14
5
9Ja
lale
1600
-210
012
1-13
3
10AF
GAT
1500
-290
012
1-15
0
Kutaa 2: Akaakuu Sanyii, Qophii lafaa fi haala facaasaa
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 2011 9
Lakk
ofsa
Akaa
kuu
sany
iiOo
msh
tum
maa
(k
g/ha
)Ye
roo
bilc
hina
a (d
ays)
Haal
a qi
lleen
saa
inni
ba
rbaa
du (
whe
re g
row
n)
11Cl
ark
63K
1500
-280
090
-120
Naa
nnoo
lixa
a fi
kibb
a lix
a bi
yyat
tii b
akka
roob
a ye
roo
gaba
abaa
qab
utti
12Co
cker
240
1500
-250
012
1-15
0N
aano
olee
han
ga ro
oba
gidd
u ga
lees
saa
fi gu
ddaa
qab
anitt
i
13Cr
awfo
rd15
00-2
000
90-1
20N
aann
oo li
xaa
fi ki
bba
lixa
biyy
attii
bak
ka ro
oba
yero
o ga
baab
aa q
abut
ti
14D
avis
1500
-250
012
1-15
0N
aano
olee
han
ga ro
oba
gidd
u ga
lees
saa
fi gu
ddaa
qab
anitt
i
15TG
X-13
-3-
2644
2000
-250
013
4-16
9N
aann
oo li
xaa
fi ki
bba
lixa
biyy
attii
bak
ka ro
oba
yero
o dh
eera
qab
utti
16W
illia
ms
1500
-200
090
-120
Naa
nnoo
lixa
a fi
kibb
a lix
a bi
yyat
tii b
akka
roob
a ye
roo
gaba
abaa
qab
utti
17N
yala
Up
to 4
190
Up
to 1
33N
aann
oo li
xaa
fi ki
bba
lixa
biyy
attii
bak
ka ro
oba
yero
o ga
baab
aa q
abut
ti
18AG
S-7-
1U
p to
272
0U
p to
141
Naa
nnoo
lixa
a fi
kibb
a lix
a bi
yyat
tii b
akka
roob
a ye
roo
gaba
abaa
qab
utti
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 201110
Lakk
ofsa
Akaa
kuu
sany
iiOo
msh
tum
maa
(k
g/ha
)Ye
roo
bilc
hina
a (d
ays)
Haal
a qi
lleen
saa
inni
ba
rbaa
du (
whe
re g
row
n)
19N
ova
Up
to 2
180
Up
to 1
18N
aann
oo li
xaa
fi ki
bba
lixa
biyy
attii
bak
ka ro
oba
yero
o ga
baab
aa q
abut
ti
20W
ello
Up
to 1
760
Up
to 1
60N
aann
oo li
xaa
fi ki
bba
lixa
biyy
attii
bak
ka ro
oba
yero
o ga
baab
aa q
abut
ti
21G
ozel
laU
p to
164
0U
p to
166
Naa
nnoo
lixa
a fi
kibb
a lix
a bi
yyat
tii b
akka
roob
a ye
roo
gaba
abaa
qab
utti
Mad
da: C
ASCA
PE S
oya
bean
bes
t fit
man
ual,
2015
and
N2
Afri
ca, E
thio
pian
soy
a be
an b
ookl
et
Kutaa 2: Akaakuu Sanyii, Qophii lafaa fi haala facaasaa
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 2011 11
2.3. Qophii Maasaa • Qophii maasaa dura lafa omisha aatooboonsituuf mijataa ta’e
filachuu keessatti lafti tabbummaa guddaa (slopy) yoo qabaate hojiilee ittisa biyyee fi bishaanii gaggeessuu.
• Biyyoo salphaa gadifageenya, gabbinaa fi deddeebii qilleensaa gahaa qabu filachuu.
• Lafa caffee bishaan itti baayyatu/swampy/, lafa biyyoo cirrachaa, dhagaan kan itti baayyatu fi biyyoon isaa gadifageenya kan hin qabne irratti aatooboonsituu omishuun hin gorfamu.
• Qophii maasaa haala gaariin gaggeessuun biqila gaarii ta’e argachuun alatti aramaa ni xiqqeessa.
• Ilbiisota biyyoo keessatti wal-horanii miidhaa geessisan aduutti saaxiluuf qonna isa jalqabaa ji’a Amajjiitii hanga Guraandhalaatti raawwachuu.
• Maasaan aatooboonsituu marsaa 3-4 qotamuu qaba. Qonni inni dhumaa sarara baasuuf kan raawwatamu yommuu ta’u, sarara lamaan gidduu sm 50 addaan fageessuun raawwachuu.
• Gadifageenyi sanyii hanga sm 2 yommuu ta’u biyyoo cirrachummaa qabu irratti hanga sm 5 gadifageessuun ni danda’a.
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 201112
Fak. 1: Qophii lafaa (Madda: JU_CASCAPE, 2019)
2.4. Midhaan Facaasuu
2.4.1. Qophii fi Qulqullina Sanyii • Sanyiin aatooboonsituu qabiinsa irratti ofeeggannoon cimaan yoo
hin taasifamne dafee manca’uu danda’a. Haalaan kan goge kan jiidhinsa qabu irra caalaa dafee manca’a.
• Nyataa fi sanyiidhaaf jiidhiinsa %11 ykn isaa gadi yoo ta’e ni gorfama. Haa ta’u malee giddu galeessaan jiidhinsa %13 ol yoo qabaate yeroo gabaabaa keessatti qulqullina hir’isuu danda’a.
• Sanyiin of-eeggannoon hin godhamneef baqaquu fi dhodhohuu danda’a. Kanaaf, sanyii qulqulluu fi biqilummaan isaa amansiisaa ta’etti fayyadamuun barbaachisaa dha.
• Sanyiin aatooboonsituu ji’oota 12 caalaa kuusamuu hin qabu.
• Sanyiin fayyadamuuf filannu dhibee, ilbiisaa fi firii aramaa irraa bilisa ta’uu qaba.
Kutaa 2: Akaakuu Sanyii, Qophii lafaa fi haala facaasaa
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 2011 13
• Sanyii aatooboonsituu gabaa irraa bitanii facaasuun barbaachisaa miti, sababiin isaa hangam mana kuusaa keessa akka ture waan hin beekamneef biqiluu irratti rakkoo qabaachuu danda’a. Kanaaf maddi sanyii yeroo hunda qorannoo qonnaa ykn dhaabbilee sanyii filatamaa irraa ta’uu qaba.
Fak 2: Sanyii Aatooboonsituu (Madd, JU_CASCAPE fi Selina Wamucii, 2014)
2.4.2. Yeroo facaasaa • Yoo roobni gahaan jiraate yeroo isaa eegnee facaasuu qabna.
• Gara lixa Itoophiyaatti yeroon facaasaa Waxabajjii 1 hanga 15 tti ta’uu qaba. FKN, muuxannoo pirojaktii “CASCAPE” tiin naannoo Beddelletti Waxabajjii jalaqabaa irraa hanga Waxabajjii walakkaatti, aanaa Limu saqqaatti immoo walakeessa Waxabajjii irraa hanga Adoolessa jalqabaatti yoo faca’e gaarii ta’a.
• Roobni amansiisaa osoo hin ta’in yoo facaafne roobni addaan citee biqilaan coollaguu danda’a.
• Duubatti hafees kan faca’u yoo ta’e ilbiisotaan miidhamuu irra darbee roobni dursee yoo dhaabbate hanqina jidhinaa tiif saaxilamuu ni danda’a.
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 201114
2.4.3. Hanga sanyii fi mala facaasaa • Sanyii tokko ijaan ilaallee dandeettii biqilummaa isaa tilmaamuun hin
danda’amu, kanaafuu madaallii dandeettii biqilummaa (germination test) gaggeessuun barbaachisaa dha.
• Dandeettiin biqilummaa aatooboonsituu yoo xiqqaate dhibbeentaa saddeettamii shanii (%85) gadi ta’uu hinqabu.
• Hangi sanyii haala qophii maasaa, jiidhina biyyoo, guddina firrii fi haala qaama alaa biqilaa (morphology of the variety) irratti hunda’us, biqiltuu gidduu sm 10 fi bo’oo gidduu sm 50 addaan fageessuun facaasuun hanga sanyii kiilograama 60-80 fayyadamuun ni danda’ama.
• Haalli qophii maasaa gaarii yoo hin taane, jiidhinsi gahaan yoo hin jiraanne fi duubatti harkifatee kan faca’u yoo ta’e hanga sanyii dhibbeentaa kudhanii hanga digdamaa (%10-20) itti dabaluun facaasuun barbaachisaa dha.
• Gadifageenyi sanyii haala biyyoo irratti hundaa’uun sm 2-5 caaluu hin qabu.
Fakk 3: Aatooboonsituu tooraan faca’e (Madda: JU_CASCAPE, 2016)
Kutaa 3: Gabbina Biyyoo fooyyessuu
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 2011 15
Kutaa 3: Gabbina Biyyoo fooyyessuu
3.1. Kaayyoo Kutaa Kanaa:
Dhuma kutaa kanaatti hirmaattotni:
• Barbaachisummaa gabbina biyyoo ni ibsu.
• Gosa, tooftaa, baayina fi yeroo itti fayyadama xaa’oo ni ibsu.
3.2. Itti fayyadama xaa’oo
3.2.1. Itti fayyadama xaa’oo lubbu qabeeyyii • Aatoboonsituun midhaan dheedhii (legume) waan ta’eef
baakteeriyaan hidda (nodule) isaa keessatti argamu naayitiroojinii qilleensa keessaa gara xaa’ummaatti (NO3) geeddara.
• Aatooboonsituun yommuu hidda (nodule) baafatu bifa Kanaan albuuda nayitiroojinii qopheeffatee soorachuu ni danda’a.
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 201116
Fakkii 4: hidda (nodule) aatooboonsituu (JU_CASCAPE and Dan Guravich,2016)
• Xaa’oo lubbu qabeeyyii (biofertilizer) fayyadamuun oomisha guddaa argamsiisa.
• Baakteeriyaa Rhaayizobiyeemii giraama 400 sanyii kiilograama 80 wajjin walitti makuudhaan sukkuumanii heektara tokko irra facaasuun ni danda’ama.
• Akkaataan baakteeriyaa (inoculant) sanyii wajjin waliin makamu:
I. Sanyii kiilograama 15 safaruun meeshaa qabachuu danda’utti naquu
II. Bishaan qulqulluu qaruuraa lallaafaa tokko (ml 300) safari
III. Bishaan safaramee qophaa’e qaruuraa guddaa liitira walakkaa (0.5 lt) baatutti galagalchuu
IV. Sukkaara fallaana shaayee lama qaruuraa sanatti naquun waliin makuu,
V. Sukkaaraa fi bishaan sana sirriitti bulbuluu, kunis akka hapheetti (sticker) gargaara
Kutaa 3: Gabbina Biyyoo fooyyessuu
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 2011 17
VI. Bulbula sukkaaraa fi bishaanii kana sanyii jalqaba qophaa’etti naquu,
VII. Bulbulli kun sanyii hunda akka wal ga’utti waliin makuu,
VIII. Baakteeriyaa (rhizobium) giraama 75 ykn fallaana xiqqaa 7 itti naquu
IX. Sanyii fi baakteeriyaa waliin makuudhaan sirriitti wal fudhachiisuu (wayita waliin makamu baayyisanii sukkuumuu hin barbaachisu)
X. Waan akka sharaa ykn erbee itti uffisuudhaan ifa aduu irraa dhorkuudhaan hamma faca’ee dhumutti gaaddisa jala tursiisuu.
Fakki 5: Tartiiba sanyii baakteeriyaa rhayizobiyemii wajjin wal makuu (Maddi: N2 Africa, 2014)
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 201118
• Faayidaan sanyii baakteeriyaa rhayizobiyemii wajjin wal makuu:
• Hidda (nodule) biqilfachuu saffisiisa,
• Noodulii yoo biqilfate Naayitiroojinii qilleensa keessaa harkisee gara xaa’ootti geeddara,
• Xaa’oo Naayitiroojinii ga’aa argachuun omisha ni dabala.
• Naayitiroojiniin biyyoo keessatti hafu midhaan itti aanee
faca’uuf (crop rotation, intercropping) ni gargaara.
• Gatiin xaa’oon uumamaa kan xaa’oo warshaa irra salphaa dha
(rakasa).
• Xaa’oo lubbu qabeeyyii (biofertilizer) yommuu fayyadamnu of eeggannoo armaan gadii gochuu qabna.
• Xaa’oo lubbu qabeeyyii (bio fertilizer) dhaabbata beekamtii
qabu irraa bitachuu,
• Yeroo turtii (expiration date) isaa adda baafachuu,
• Hanga facaasaan ga’utti bakka qooraa fi qabbana qabutti
kuusuu,
• Xaa’oo lubbu qabeeyyii keemikaala adda addaa tiin faalame
akka hin bitanne,
• Xaa’oo lubbu qabeeyyii fi sanyii utuu guyyaan facaasaa hin
ga’in waliin makanii tursuun dhorkaa dha.
• Xaa’oo lubbu qabeeyyii fi sanyii baayinaa fi akkaataa gorsa
omishtoota sanaatiin fayyadamuu.
• Xaa’oo Naayitiroojinii kemikaalaa aatoboonsituu dhaaf
baay’inaan fayyadamuun hin barbaachisu.
Kutaa 3: Gabbina Biyyoo fooyyessuu
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 2011 19
3.2.2. Itti fayyadama xaa’oo kemikaalaa • Aatooboonsituun hamma guddatee hidda (nodule) baafatutti
xaa’oo Naayitiroojinii biyyoo keessaa fayyadamuudhaan guddata.
• UREA kiiloograama 20 caalaa hektaara tokkotti dabaluun jijjiirraa Naayitiroojinii danquu/dhorkuu ni danda’a.
• Fosforasiin (phosphorus) biyyoo keessatti albuudota kaan irra hanqina qaba. Yeroo facaasaatti xa’oo NPSB kiilogiraama 100 lafa hektaara tokkotti dabaluu qabna.
• NPSB kg 100 keessaa P2O5 %37.2 fi Naayitiroojinii %18.6 arganna waan ta’eef omiisha gaarii argachuuf xaa’oo fosforasii ga’aa ta’e fayyadamuun barbaachisaa dha.
Fakkii 6: xaa’oo kemikaalaa waliin makanii buusuu (Madda: JU_CASCAPE, 2015)
3.3. Dhangaggaa’ummaa biyyoo (soil acidity) fooyyessuu
• Biyyoon naannoo lixa Itoophiyaa bal’inaan (%80 ol) gosa biyyoo “Nitisol” dha.
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 201120
• Gosti biyyoo “Nitisol” kun bal’inaan dhangaggaa’ummaadhaan beekama. Dhangaggaa’ummaan biyyoo biqilootni albuudota akka Naayitiroojinii, Fosforasii fi kkf akka sirnaan hin fayyadamne godha.
• Miidhaa dhangaggaa’ummaan biyyoo fidu to’achuuf:
• Nooraa (lime) fayyadamuu
• Xaa’oo uumamaa (compost, manure, etc) fayyadamuu dha.
• Hanga nooraa (lime) hektaara tokkoof barbaachisu baruudhaaf saamuda biyyoo gadi fageenya hanga sm 20 ogariidhaan(auger) fudhachuudhaan, laaboraatorii qorannoo biyyoo dhihoo jirutti geessuun ‘PH’ biyyoo sanaa 5.5-gadi yoo ta’e, ‘exchangeable acidity’ isaa madaaluudhaan haala armaan gadiin tilmaamuun ni danda’ama.
Hanga nooraa (Lime requirement) = Exchangeable acidity X 1.5 X10 qt/ha
• Haaluma Kanaan hangi nooraa biyyootti dabalamuu erga baramee booda guyyaa facaasaa ji’a tokko dursanii maasaatti facaasanii (gadi fageenya hanga sm 5 tti) biyyoodhaan wal makuu barbaachisa.
Kutaa 3: Gabbina Biyyoo fooyyessuu
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 2011 21
Fak 7: Tooftaa fayyadama nooraa (Madda: JU_CASCAPE, 2015)
Fak 8: Tooftaaa fayyadama compostii (Madda: JU_CASCAPE, 2015)
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 201122
Kutaa 4: Eegumsa Midhaanii
4.1. Kaayyoo Kutaa Kanaa:
Dhuma kutaa kanaatti hirmattonni:
• Gosoota aramaa aatooboonsituu fi mala to’anno isaanii adda baasanii ni ibsu,
• Gosoota dhukkuba aatooboonsituu fi mala to’annoo isaanii adda baasanii ni ibsu,
• Gosoota ilbiisa aatooboonsituu miidhanii fi haala to’anno isaani adda baasanii ni ibsu.
4.2. Aramaa to’achuu • Aramaan midhaan waliin nyata, bishaan, aduu fi bakka (space) akka
wal hin saamneef yeroo isaa eeganii to’achuun barbaachisaa dha.
• Tooftaalee aramaan ittiin to’atamu: harkaan aramuu, keemikaalatti fayyadamuu ykn tooftaalee lamaanitti dhimma ba’uu.
Kutaa 4: Eegumsa Midhaanii
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 2011 23
Fak 9: Gosa aramaa beekamoo naannoo kibba lixa Itoophiyaatti (Madda: JU CASCAPE, 2010)
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 201124
4.2.1. Harkaan Aramuu • Marsaa tokkoffaa: Midhaan faca’ee gaafa guyya 20-25 giddutti
marsaa tokko jala soquu.
• Marsaa lammaffaa: haala sadarkaa aramaa sanaa ilaaluun jala soqaan raawwatee torban muraasa booda irra deebiin harkaan jala aramuu.
4.2.2. Keemikaalatti fayyadamuu • Aramaa aatooboonsituu keessaa to’achuuf keemikaala fara
aramaa heddutu jira; haa ta’u malee gosa keemikaala fayyadamnu gosa aramaa baayinaan mullatu, keemikaala seeraan galmaa’ee beekamuu fi gabaa irratti bali’naan argamu irratti hunda’anii murteessuun ni danda’ama.
• Keemikaala farra aramaa biqila midhaanii duraa (Pre-emergence) fi biqila booda (post emergence) itti naquun ni dana’ama.
• Farra aramaa biqila midhaanii dura (pre-emergence) fayyadamna yoo ta’e guyyaa facaasaa booda torban 5-6 gidduutti harkaan aramuun barbaachisaa dha.
• Kemikaala farra aramaa wayita fayyadamnu fayyaa namaa irratti dhiibba waan geessissuuf of eegannoo ga’aa gochuun barbaachisaadha.
• Walumaaa galatti keemikaala farra aramaa fayyadamuun filannoo isa dhumaa ta’us, keemikaalota ibsaman akkaataa gorsa armaan gadiitti fayyadamuun ni danda’ama (gabatee 1).
Kutaa 4: Eegumsa Midhaanii
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 2011 25
Gaba
te 2
: kee
mik
aala
farr
a ar
amaa
om
isha
aat
oobo
onsi
tuu
fi ak
kaat
aa it
ti fa
yyad
ama
isaa
Maq
aa
wal
iigal
a
(Com
mon
na
me)
Maq
aa k
eem
ikaa
la
bulb
ula
kees
sa ji
ru
(nam
e of
act
ive
ingr
edie
nt)
Hang
a
(Lit
ira
/ he
ekta
ra t
okko
f)Ye
roo
itti
naqa
mu
Gosa
ara
ma
keem
ikal
ichi
to
’atu
Fusil
ade
Fluz
ifop-
p-bu
tyl
0.25
kg
a.i.
ha-1
Biqi
la d
ura
(Pre
-em
erge
nce)
Aram
aa m
arga
a (g
rass
wee
ds)
Lass
oAl
achl
or 4
80 E
C4
lha-
1Bi
qila
dur
a (P
re-
emer
genc
e)Ar
amaa
baa
la
baba
l’aa
(bro
ad le
af
wee
ds)
Dua
l Gol
dS-
met
olac
hlor
960
EC
1 lh
a-1
Biqi
la d
ura
(Pre
-em
erge
nce)
Aram
aa b
aala
ba
bal’a
a (b
road
leaf
w
eeds
)
Mad
da:3
62-N
2 Af
rica
-Eth
iopi
a-so
ya b
ean
book
let
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 201126
4.3. Ilbiisa to’achuu • Itoophiyaa keessatti Ilbiisonni baayyee beekamoon aatooboonsituu
miidhan kanneen armaan gadiiti: Afrikaan bollwormii (African bollworm), raammoo qurxituu (cut worm), daana’oo magariisaa (stink bug), fi injiraan midhaanii (Aphid) ti.
• Yoo miidhaan ilbiisotaa baala aatooboonsituu irratti mullate baayyee bal’aa hin taanee fi kan hir’ina callaa fidu yoo hin taane keemikaala itti biifuun bu’a qabeessa miti.
• Erga midhaan daraareen booda aatooboonsituun ilbiisa xuuxxuu joloolli (pod) ofitti harkisa (hawwata). Kun immoo qulqullina sanyii irratti dhibbaa guddaa qaba.
• Ilbiisonni kun yoo isaan joloollii (pod) isaa miidhu ta’e keemikaalli farra ilbiisotaa itti biifamuu qaba. Keessumaa ilbiisni injiraan midhaanii (aphids) waan isaan vaayirasii aatooboonsituutti dabarsaniif eeggannoo gochuun barbaachisaa dha.
• Yeroo keemikaalli biifamu ajaja warra omishtotaa hordofuu ykn gorsa hojjettoota ekisteenshinii gaafachuun, qaama namaa wajjin akka wal hin tuqneef uffannaa barbaachisaa ta’an fayyadamuun dirqama.
Kutaa 4: Eegumsa Midhaanii
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 2011 27
Gabate 3: keemikaala farra ilbiisa omisha aatooboonsituu fi akkaataa itti fayyadama isaa
No.Maqaa keemikaalaa
hanga keemikaalaa
(L/ha) Gosa ilbiisa inni to’atu
1 Primor 50% WP 0.5kg a.i./ha Aphids/injiraan midhaani
2 Cymbush 10% EC
150 a.i./ha Afrikaan bollwormii (African ball worm)
3 Dimethoate 40% EC
1lt/ha Beanfly, bean aphid, thrips, African ball worm
Madda: 362-N2 Africa-Ethiopia soya bean booklet.
Fakkii 10: Injiraan midhaanii (Madda: https://www.pioneer.com/home)
Fakkii 11: Suuraa African bollworm(Madda:www.infonet-biovision.org) (Madda: https://extension.entm.purdue.edu, 2018)
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 201128
4.4. Dhukkuba to’achuu • Dhukkubootni aatooboonsituu karaa fangasii, baakteeriyaa, ykn
vaayirasii dhufan qisaasama callaa hedduu geessisu.
• Itoophiyaa kessaatti rakkoon dhukkubaa cimaan aatooboonsituu miidhan: biraawon spootii (brown spot), waagii (rust), daawonii miildiiwuu (downy mildew), antiraakinoosii (Anthracnose), baala gubaa (leaf blotch), bilaayitii baakteeriyaa (bacterial blight), vaayirasii moozaayikaa (mozaic vairus) fi kkf hubaatii (infection) yeroo fi bakka gara garaatti uumu.
• Dhukkuboonni tokko tokko yeroo biqilaan sadarkaa baalaa irra jiru ka’u; kaan ammoo yeroo isaan jolollii (pod) godhatanii fi bilchaatanii dha. Mallattooleen isaaniis akkaataa dhukkubootaatti garaagarummaa ni qabu. Kanaafuu, yeroo mallattoon dhukkubootaa kun miidhaan irratti mul’atan ogeessa eegumsa midhaanii irraa gorsa fudhachuun barbaachisaa dha.
Kutaa 4: Eegumsa Midhaanii
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 2011 29
Gaba
tee
4: G
osa
dhuk
kuba
a fi
haal
a to
’ann
aa is
aaa
naan
noo
Lixa
Itoo
phiy
aatt
i
Maq
aa d
hukk
ubaa
Mal
latt
oo d
hukk
ubic
haa
Haal
a to
’ann
aa d
hukk
ubic
haa
Waa
gii a
atoo
bo
onsit
uu(ru
st)
Baal
a isa
a irr
atti
mal
latt
oon
tuqa
a he
ddun
mul
’ach
uu, t
urtii
yer
oo
bood
a ba
ala
isaa
jala
mal
latt
oon
daak
uu d
amm
essa
’aa
fakk
aatu
m
ul’a
chuu
Sany
ii dh
ukku
ba k
ana
dand
amat
u fa
yyad
amuu
Sany
ii qu
lqul
luu
, dhu
kuba
an
hinf
aala
mne
faca
asuu
Mid
haan
jijji
irani
i/wal
kees
sa
faca
asuu
Keem
ikaa
la O
pra-
max
liitr
a to
kko
heek
taar
a to
kkoo
f fay
yada
muu
Bila
ayiti
i Baa
ktee
riyaa
(B
acte
rial b
light
)Ja
lqab
a irr
atti
baal
a isa
a irr
atti
mal
latt
oon
tuqa
a ke
ello
o fa
kkaa
tu
dhum
a iir
ratt
i im
moo
mal
latt
oon
tuqa
a bi
fa b
unaa
qab
u ba
ayyi
naan
m
ul’a
chuu
Dhu
kkub
a ka
na ir
raa
sany
ii bi
lisa
ta’e
fa
yyad
amuu
Mid
haan
wal
jijjii
rani
i fac
aasu
u
Mid
haan
erg
a ha
amam
een
bood
a ar
amaa
maa
saa
irrat
ti ha
fe h
aam
anii
gubu
u
Yero
o jii
dhin
si (fi
xeen
si) ji
ru m
idha
an
jala
soqu
u dh
iisuu
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 201130
Fakk 12: Brown spot (mallattoo dhukkuba baakteeriyaal bilaayitii (bacterial blight)
Fakk 13: mallattoo dhukkuba waagii (rust)
Fakk 14: Antirakinoosii (Antracnose )
Kutaa 5: Haamaa fi Qabiinsa Omisha Boodaa
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 2011 31
Kutaa 5: Haamaa fi Qabiinsa Omisha Boodaa
5.1. Kaayyoo Kutaa Kanaa:
Dhuma kutaa kanaa irratti hirmaattotni:
• Adeemsa hojiilee haamaa fi haamaa boodaa ni ibsu,
• Adeemsa haala gabaa mijeessuu fi sona dabaluu ni ibsu,
5.2. Haamaa/sassaabbii • Sassaabbiin aatooboonsituu ga’uu isaa karaa lama tilmaamuun ni
danda’ama:
I. Midhaan faca’ee guyyoota 100 hanga 120 tti ga’uu ni danda’a.
II. Baalli isaa inni jalaa coollagee harca’uu yeroo eegalu, qolli isaa yommuu daalachaa’uu fi guyyaa yeroo aduutti mallattoo xaaxa’uu/harca’uu yoo agarsiisu dha.
• Sassaabbiin oomisha aatooboonsituu gaggeeffamuu kan qabu ganama osoo aduun hin ho’in fi galgala erga aduun qabbanaa’ee booda ta’uu qaba.
• Qisaasama oomishaa hir’isuuf yeroodhaan sassaabuu/haamuun barbaachisaa dha.
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 201132
• Gosoonni aatooboonsituu hin xaaxofne/harcaane kan sassaabamuu qabu bilchaatee dhibbentaa sadettamii shan (%85) yeroo joloollii isaa bifa bunaa (brown) tti jijjiiramu dha.
• Gosoota aatooboonsituu xaaxa’aniif/harca’aniif (shattering varieties) ammoo akka %80 ga’een omisha sassaabuun gaarii dha.
• Aatooboonsituun kan sassaabamuu qabu yeroo ijji isaa bilchaatee qabiyyeen jiidhina isaa %14 fi %16 gidduu ta’uu dha.
• Aatooboonsituun kan sassaabamu meeshaalee akka haamtuu fayyadamuudhaan midhaan bilchaate lafattii gadii maxxansanii muruun ta’a.
• Oomisha aatooboonsituu harkaan buqqisanii sassaabuun sirrii miti. Sababiin isaas albuuda aatooboonsituun lafatti dabalee jiru waliin buqqa’ee waan baduuf dha.
• Dha’uun dura sharaa irra tuuluun torbee lamaaf gogsuun barbaachisaa dha.
5.3. Dhahuu • Yeroo aatooboonsituun sirritti goge harkaan ykn maashinaan
dhahuun gaarii dha.
• Oomisha baay’ina hin qabne harkaan dha’uutu filatama. Aatooboonsituu haamame sharaa irratti naquu ykn joloollii aatooboonsituu keeshaatti naquun uleen tumuu/dhahuu dha.
• Achiin booda qulqulleessuuf qilleensaatti kennanii firii isaa habaqii irraa addaan baasuu dha.
Kutaa 5: Haamaa fi Qabiinsa Omisha Boodaa
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 2011 33
5.4. Kuusuu • Ijji aatooboonsituu sirriitti gogeera kan jechisiisu yeroo ilkaaniin
ciniinamu ykn qeensaan waraanamu yoo hin fottoqu/hin madaa’u ta’e dha.
• Yeroo sassaabbiitti firiin aatooboonsituu qabiyyee jiidhinaa %14 of keessaa qaba.
• Ji’oota 6 hanga 12 tti kuusuuf qabiyyeen jiidhina isaa gara %13 gadi bu’uu qaba; akkasumas kuusaan isaa yeroo dheeraaf kan turu yoo ta’e ammoo qabiyyeen jiidhina isaa gadi bu’ee %10-11 tti goguu qaba.
• Ija aatooboonsituu qulqulluu keeshaa kiilograama 50 ykn 100 qabatutti naqamee mana kuusaa qabbana qabu keessa kaa’amuu ykn kuufamuu qaba.
• Aatooboonsituun kuufame qabiyyeen jiidhina isaa olaanaa taanaan ilbiisotaa fi maaykiroo organzimootaaf haala mijataa uuma.
• Kuufamni gaariin aatooboonsituu yeroo dheeraaf kuufamee akka turuuf akkasumas yeroo faca’u dandeettii biqilummaa olaanaa akka qabaatu ni taasisa.
• Aatooboonsituu qilleensa ho’aa guddaa qabutti akka saaxilamu taasisuun qulqullummaan isaa akka gadi bu’uu fi dandeettiin biqiluu isaa akka hir’atu taasisa/godha.
5.5. Sona dabaluu • Hojiin sona dabaluu aatooboonsituu bu’aalee kan akka zayita
nyaataa, nyaata horii fi kkf argachuuf nu gargaara.
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 201134
• Biyya keenya keessatti warshaaleen adda addaa aatooboonsituu irraa nyaata madaalawaa daa’immanii, nyaata horii, aannan aatooboonsituu fi bu’aalee biroo (soya sauce, zayita, daakuu, kkf ) oomishuu eegalanii jiru.
• Qonnan bultoonni waldaadhaan gurmaa’uun aannan aatooboonsituu fi nyaata adda addaa aatooboonsituu irraa qopheessuun faayidaa manaa fi gabaa naannootiif dhiyeessu ni danda’u. Fakkeenyaaf, yuniyeeniin waldaa hojii gamtaa Urjii-Cawwaaqaa aatooboonsituu irraa aannanii fi oomishaalee adda adda qopheessuun gabaaf dhiyeessaa jira.
• Hojiin sona dabaluu akkasii qonnaan bulaan oomisha aatooboonsituu babal’isuun maasii bal’aa irratti akka oomishu kaka’umsa uuma.
5.6. Haala gabaa mijeessuu • Haalli mijaa’ina gabaa oomishni aatooboonsituu qonnaan bultoota
gidduutti akka babal’atuuf bakka guddaa qaba.
• Funca duudhaa (value chain) aatooboonsituu keessatti qooda fudhattoota gurguddoo kan ta’an:
• Qaamolee callaa guddistuu dhiheessan (Giddu galeessaa Qorannoo Qonnaa, Waldaalee Bu’uuraa, Dhaabbata Sanyii Filatamaa, Dhaabbilee Dhuunfaa Oomishtoota Sanyii Filatamaa): qaamoleen kun sanyii filatamaa baay’inaa fi qulqullinaan qonnaan bulaan akka argatu hojjachuu qabu.
• Oomishtoota (Qonnaan bultoota): hojii qophii maasaa irraa kaasee hanga mana kuusaatti tooftaalee fooyya’oo fayyadamanii oomishuu keessatti gahee qabu.
Kutaa 5: Haamaa fi Qabiinsa Omisha Boodaa
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 2011 35
• Walitti qabdoota oomisha aatooboonsituu (Daldaltoota aanaalee fi Finfinneetti argaman),
• Qaamolee sadarkaa adda addaatti aatooboonsituu irraa oomishaalee garaa garaa sona dabaluun qopheessan (Processors I & II) – kaampaanota nyaata namootaa fi beeyiladaa oomishan,
• Daldaltoota qopheessitoota irraa bitanii fi gurguran (Wholesalers & Retailers),
• Daldaltoota oomisha alatti ergan (Exporters),
• Fayyadamtoota (Consumers) dha.
• Qaamoleen funca duudhaa kana keessatti qooda fudhatan walitti dhiheenyaan yoo hojjetanii fi gahee isaanii sirriitti yoo ba’an bu’aaleen qonnaan bultootaa fi kan qooda fudhattoota hundaa fooyya’uu ni danda’a.
• Aatooboonsituu oomishuun dura haala gabaaf xiyyeeffannoo kennuun oomisha aatooboonsituu irraa bu’aan madaalawaa ta’e akka argamu ni taasisa.
• Oomishaan dura dhaabbilee aatooboonsituu qopheessan (Processors) fi warren alatti ergan (exporters) waliin quunnamuun qonnaan bultootni lafa gahaa oomisha kanaaf akka oolchan ni taasisa.
• Oomisha aatooboonsituu baay’inaa fi qulqullinaan oomishuun warren oomishicha bitan kan hawwatu/harkisu yoo ta’u kun ammoo oomishni baay’inaan akka oomishamuu fi gabaan isaa akka babal’atu ni taasisa.
• Bu’a qabeessummaa oomisha aatooboonsituu mirkaneessuuf qonnaan bultootaaf karoorri bizinasii (business plan) qophaa’uufii qaba.
Soya Bean
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 201136
Kutaa 6: Dhimmoota Hunda Galeeyyii (Cross Cutting Issues)
6.1. Kaayyoo Kutaa Kanaa:
Dhuma kutaa kanaa irratti hirmaattoni:
• Oomisha aatooboonsituu keessatti gahee dhiiraa fi dubartootaa adda ni baasu,
• Bu’aa oomishti aatooboonsituu dubartootaaf qabu ni ibsu,
• Qabiyyee nyaata aatooboonsituu hubachuun nyaata isaanii yeroo hundaa keessa galchuun bu’aa inni qabu ni ibsu,
• Gahee aatooboonsituun gabbina biyyee, ittisa biyyee fi bishaaniitiif qabu ni ibsu,
6.2. Koorniyaa • Oomisha aatooboonsituu irratti dhiirotni, dubartootnii fi ijoolleen
ni hirmaatu.
• Hojiileen kan akka aramuu, haamuu fi dhahuu humna baay’ee barbaadu.
• Aatooboonsituun otoo hin haamamiin dura si’a sadii aramamuu qaba.
Kutaa 6: Dhimmoota Hunda Galeeyyii (Cross Cutting Issues)
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 2011 37
• Facaasuu (planting) fi aramuun caalmaatti dubartootaan raawwatamu.
• Hojiiwwan hafan kan akka qophii maasaa, dhahuu fi kkf caalmaatti dhiiraan raawwatamu.
• Adeemsi qophii nyaata aatooboonsituu hojii dubartootaa ta’uun ni beekama. Qophiin kunis humna guddaa kan barbaaduu fi yeroo dheeraa kan fudhatuu dha.
• Kana dura, aatooboonsituun oomishamee kan qophaa’uu fi nyaatamu mana keessatti qofa ture. Adeemsi qophii isaas harkaan dhagaa daakuutti fayyadamuun hojjetama.
• Aadaan wal-qabatee aatooboonsituun aannan horiin alatti argachuun aadaa haaraa hawaasa barsiise. Ilaalcha “aannan sa’a qofaa irraa argama” jedhu jijjiire.
• Aadaa irratti dabalataan, qonnaan bultoonni aatooboonsituu akka oomisha guddaa kennu, nyaata qulqulluu fi gosa midhaanii biyyee gabbisuutti ilaalu (gabbina biyyee dabala).
• Dubartootni yeroo bu’a qabeessummaa sirna nyaataa isaa irratti xiyyeeffatan, dhiironni immoo biyyee gabbisuu isaa irratti xiyyeeffatu.
Soya Bean
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 201138
Fakk 15: Hirmaannaa hojii (Madda: JU_CASCAPE, 2017)
• Akka furmaataatti aatooboonsituu harkaan haamuu fi dhahuun humna hedduu fi yeroo dheeraa kan fudhatu waan ta’eef, meeshaalee kan akka kombaayinaraa, calleessaa midhaanii fi kkf itti yaaduun ni barbaachisa.
• Aatooboonsituu sadarkaa manaatti salphaatti daakanii itti fayyadamuuf meeshaa daaktuu aatooboonsituu (Socked soya bean grinder) jedhamu dhiheessuun murteessa dha.
6.3. Sirna nyaataa • Aatooboonsituun hanqina nyaata daa’imman baadiyyaa sirreessuuf
gahee olaanaa taphata.
• Nyaanni gosa adda addaa yeroo qophaa’u, aatooboonsituun maatiiwwan qonnaa keessatti gosa midhaan dheedhii keessaa isa filatamaa hanqina nyaataa hambisuuf itti fayyadamanii dha.
• Aatooboonsituun giddu-galeessaan pirootiinii %40 qaba. Kunis foonii (%19) fi hanqaaquu (%18) irra dachaa lama, boqqoolloo irra (%10) dacha afuriin caalmaa ni qaba.
Kutaa 6: Dhimmoota Hunda Galeeyyii (Cross Cutting Issues)
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 2011 39
• Dabalataanis, atooboonsituun zayita kuduraa irra %20 caalmaa qulqullina ol aanaa kan qabu, kolestiroolii irraa biliisa kan ta'e fi kaarboohaayidireetii sadarkaan isaa gadi bu'aa ta'e kan qabu dha. Kana jechuunis namootni dhibee sukkaaraa qaban sodaa tokko malee itti fayyadamuu ni danda’u jechuudha.
• Waan kana ta’eef, aatooboonsituun maatii qonnaan bultootaa keessatti hir’ina pirootiinii salphisuuf fayyada.
• Gosoota nyaata aatooboonsituu irraa hojjataman:
• Aannan aatoobonsituu
• Baaduu aatooboonsituu
• Itiittuu aatooboonsituu
• Siicoo/ faayibara aatooboonsituu irraa nyaata /soorata qophaa’u
• Qixxaa aatooboonsituu
• Daabboo aatooboonsituu /difoo daabboo
• Ittoo (shiroo ykn foon waliin) gosa adda addaa
• Siicoo/okaaraa aatooboonsituu hanqaaquu fi raafuu waliin
• Marqaa, shoorbaa, bassoo, akaayii fi kkf.
Soya Bean
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 201140
Fakki 16: Suuraa nyaata adda addaa aatooboonsituu irraa qophaa’e (Madda: JU_CASCAPE)
• Aatooboonsituu dhiheessuu fi beeksisuun rakkoo hanqina nyaataa maatii qonnaan bultoota Lixa Oromiyaatti caalmaadhaan gosa nyaata xaafii, boqqoolloo fi misingaa kan pirootiinii xiqqoo kennanii fi albuudaalee muraasa qaban irratti hirkataniif deebii sirrii dha.
• Leenjiin haala itti fayyadama nyaata aatooboonsituu irratti qophaa’uun namoonni naannoo hedduu bu’aa isaa irraa akka fayyadaman taasiseera.
• Kanaafuu, sadarkaa aanaatti waajjira fayyaa warra sirna nyaataa irratti hojjetanii fi waajjira qonnaa warra oomisha irratti hojjetan walitti fiduun leenjii kennuun hawaasa keessatti aatooboonsituu tarree midhaanota bal’inaan oomishamanii keessa galchuuf bu’a qabeessa ta’a.
Kutaa 6: Dhimmoota Hunda Galeeyyii (Cross Cutting Issues)
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 2011 41
Shoorbaaa Qixxaa Marqaa Dhugaatii kkf…Baaduu aatooboonsituu Itittuu aatooboonsituu
Dhangala’aa (calalaa) aatooboonsituucalala aatooboonsituu danfisuu
Siicoo aatooboonsituu
Callaa aatooboonsituuCirrachaa fi huuba adda addaa Aatooboonsituu keessaa funaanuun qulqulleessuu
Callaa aatooboonsituu qulqullaa’eSa’aa 8-12tti bishaan keessa dhuubuu
Aatooboonsituu dhuubameDhakaa daakuu ykn meeshaa biroo fayyadamuun bulleessanii lanqaxuu
Aatooboonsituu bulbulame Aatooboonsituu bulbulame kana danfisuu
Hucuu qulqulluu jirbii irra tolfameen calaluuBulbula Aatooboonsituu danfisame
Aatooboonsituu lanqaxameAatooboonsituu lanqaxame kubbaayyaa tokkotti bishaan hanga
kubbaayyaa 2 ykn 3 itti naquun boojjitoo qulqulluudhaan waliin makuu
Bulbula Aatooboonsituu calalame
Fak 17: Akkaataa aannan, baaduun, itittuu fi siicoon aatooboonsituu itti qophaa’u
Soya Bean
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 201142
• Mulluu aatooboonsituu qopheessuuf callaa aatooboonsituu qulqullaa’e bishaan keessa dhuubanii tursuun affeeluudha.
• Shiroo aatooboonsituu qopheessuuf aatooboonsituu huubii keessaa funaanamee qulqullaa’e gurraachessanii akaa’uudhaan daaksisuu
• Daabboo, buddeenaa fi kkf qopheessuuf aatooboonsituu huubii keessaa funaanamee qophaa’e osoo hin gurraachessin akaa’uudhaan daaksisuun midhaan biroo (xaafii, boqqoolloo, qamadii fi kkf ) waliin makuudhaan bukeessanii qopheessuu ni danda’ama.
6.4. Qonna Haala Qilleensaan Wal-sime • Qonna haala qilleensaatiin wal-sime yeroo jennu hojii qonnaa
hojjechuuf yeroo karoorfamuu jalqabee hanga sassaabbii oomishaatti haala qilleensaa/naannoo irratti dhiibbaa kan hin geessifne ta’uu isaa mirkaneeffachuu jechuu dha. Kana jechuun oomisha midhaanii qilleensa nannoo irratti dhiibbaa otoo hin fidiin bu’aa argamsiisu jechuu dha. Kunis:
• wantoota faalama qiileensa dabalan hirrisuun,
• hojiilee xaa’ummaa biyyee foyyeessan kan akka miidhaan wal-jala jijjiiranii facaasuu,
• kompoostii fayyadamuu,
• haftee oomisha maasaa keessa tursiisuu,
• kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjechuu dabalata.
Kutaa 6: Dhimmoota Hunda Galeeyyii (Cross Cutting Issues)
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 2011 43
• Gama biraan itti fayadama farra ilbisaa fi farra dhibee xiqqeessuu, xa’oo keemikaalaa xiqqeessu, kompoostii fi haftee miidhaanitiin lafa gabbisu fi kkf fayyadamun barbaachisa dha.
• Muuxxannoon aanaa Baddallee fi L/Saqqaa irraa argame akka ibsutti sanyii filatamaa aatooboonsituu xaa’oo lubbu-qabeeyyii (biofertilizer) fayyadamanii oomishuun bu’aa inni dinagdee fi kunuunsa naannoo irratti qabu baay’ee olaanaa dha.
• Aatooboonsituun umamaan naayitrojiinii qilleensa irraa gara naayitreetiitti jijjiiruun biyyoo ni gabbisaa, hafteen isaa tortoruudhaan gabbina biyyoo ni dabala, baalli aatooboonsituu babal’aa fi lafa bal’inaan waan uwwisuuf biyyoo fi bishaan ittisuudhaan haala naannoo ni sirreessa.
• Walumaagalatti, oomishni aatooboonsituu haala qilleensaatiin wal-simee fi haala qilleensaa/naannoo fooyyessuu keessatti iddoo olaanaa waan qabuuf oomishni qonnaa itti fufiinsaan akka dabaluuf ni gargaara.
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 201144
Waabii
Banik, P. & R.C. Sharma. (2009). Yield and resource utilization efficiency in baby corn-legume intercropping system in the eastern plateau of India. Journal of Sustainable Agriculture, 33, 379-305. http://dx.doi.org/10.1080/10440040902834970
Bhagad, S. B., Chavan, S. A., Zagade, M. V., & Dahiphale, A. V. (2006). Intercropping groundnut and sweet corn at different fertility levels and row proportions. Indian Journal of Crop Science, 1(1-2), 151-153.
CASCAPE Participatory Rural appraisal report, 2011.
Caviness, C.E. and F.C. Collins. 19 85. Double cropping, p. 1032-1038. In R.M. Shibles (ed.). World Soybean Research Conference III: Proceedings. Westview Press, Inc., Boulder, Colorado.
CIMMYT. 1988. From Agronomic Data to Farmer Recommendations: An Economics Training Manual. Completely revised edition. Mexico. D.F.
Carsky R J. Abaidoo R, Dashiell K E and sangina N 1997 Effect of Soyabean on subsequent maize grain yield in Guinea Savanna of West Africa. Afr.Crop Sci.J.5,31-39
L.W. Harrington and R. Tripp, 1984. Recommendation Domains: A Framework for On-Farm Research. CIMMYT Economics Program Working Paper 02/84.
Waabii
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 2011 45
Henkel, John (May–June 2000). “Soy: Health Claims for Soy Protein, Question About OtherComponents”. FDA Consumer (Food and Drug Administration) 34 (3): 18-20. PMID 11521249Http://findarticles.com/p/articles/mi_m1370/is_3_34/ai_62298457/?t ag=content;col1
Sanginga N, Dashiell K, Okogun J A and Thottoappilly G 1997, Nitrogen fixation and N contribution in promiscuous soybean in southern Guinea Savanna of Nigeria. Plant soil 195, 257-266
Shafik, M. M., & Soliman, A. M. (1999). Effect of intercropping grain sorghum and soybean on yield and yield components. Proc.1st conf. Recent Technologiesin Agric. Cairo Univ. 27-29, Nov. Vol. 11, 277-283 CASCAPE Manual for best fit practice (BFM_JU_2015_03_xxxxx).
Snapp, S.S., G. Kanyama-Phiri, B. Kamanga, R. Gilbert, and K. Wellard. 2002. Farmer and researcher partnerships in Malawi: Developing soil fertility technologies for the near-term and far-term, Experimental Agriculture.
Mandal, B. K., Dhara, M. C., Mandal, B. B., Das, S. K., & Nandy, R. (1990). Rice, Mungbeans, Soya beans, Peanut, Ricebean, and Blackgram yields under different intercrop systems. Agrons. J., 82, 1063-1066.
http://dx.doi.org/10.2134/agronj1990.00021962008200060006x
AGP2 CDSFMaanuwaalii Leenjii Ogeessotaa, Waxabajji 201146
Moges Mekonen and Zinaw Dilnesaw, 2014. Assessment of diseases on soya bean (Glycinmax L. merli) growing fields of Pawe and Dangur districts Metekel zone, Ethiopia
Ofori, F., & Stern, W. R. (1987). Cereal-legume intercropping systems. Adv. Agron., 41, 41-90.
http://dx.doi.org/10.1016/S0065-2113(08)60802-0
Ullah,A., N.A. Bhatti, Z.A. Gurmani & H. Imran, 2007. Studies on planting patterns of maize (Zea mays L.) facilitating legumes intercropping. Journal of Agricultural Research, 45, 113-118. 362-N2 Africa-Ethiopia-soya bean booklet