qubattoota sulultatti deggarsa · 2020. 8. 20. · tattaaffiin kunimmoo karoora misooma magariisaa...

19
Bara - 43 Lak. 17 Bariisaa Waxabajjii 6 Bara 2012 (June 13, 2020) Qar. 2.30 Yaada Mo’ataa Injifannoo Caalmaaf! Gara fuula 11tti Finfinnee: Dhimmoota guguddoo barana xiyyeeffannoo argatanii mootummaafi qaamolee addaddaa walfalmisiisaa turan keessaa adeemsi filannoo waliigalaa marsaa 6fa, lakkaawwiin ummataafi manaa, galmeessaafi waliigalteen paartilee siyaasaa, akkasumas tarsiimoon ijaarsa sirni federaalizimii hordofamaa jiru ni eeramu. Isaan kunneen ammoo kallattiinis ta’u alkallattiin hariiroo ummattootaa, walta’insa Takkaalliny Gabayyootiin Filannoon waliigalaa erga koviid-19 to’atameen booda adeemsifama Gaaffiilee bakka buutota Tigraayiifi deebii ministira muummee fuula 2 Qubattoota Sulultatti argamaniifi deggarsa taasifamaafii jiru fuula 3 Bayyanaa Ibraahimiin Itoophiyaan biyyaa sabootaafi sablammoota hedduu qofa osoo hintaane, biyya amantiiwwan garaa garaatisi. Amantiiwwan biyya kana keessatti waggoota dheeraaf jiraataniifi hordoftoota hedduu qaban keessaa amantiin musliimaa isa tokko. Yeroo jalqaba gara biyya kanaatti galu gammachuudhaan mootota biyya kanaa Gaaffiin hawaasa Musliimaa jaarraa walakkaaf gangalachaa ture deebi’uun gammachuu addaa nutti uume yeroo sana turaniin kan simatame amantichi, mootota biyyattii sana booda dhufaniin garuu dhiibamanii akka lammii lammataatti ilaalamuuf dirqaman. Keessumaa bara mootii Hayilasillaasee Musliimni cunqursaa hamaa jalatti kufuu kan himan Pirezidaantii Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Federaalaa, Muftii Haaji Umar Indirisi. Bara Danrgii keessas mirga gurmaa’uu dabalatee ayyaanotni amantichaa sadeen ayyaana biyyaalessaa akka ta’an murtaa’uu ibsu. Bara mootummaa ADWUI keessatti immoo mirga amantii wanti jedhu waraqaarratti barreeffamuu eeranii, waraqaarratti barraa’uun garuu dhiibbaawwan amanticharra turan dhaabsisuu kan hindandeenye ta’uu dubbatu. Gaaffiin hawaasa Musliimaa jaarraa walakkaaf gangalachaa ture bara mootummaa jijjiiramaa waggaa lama Gara fuula 18tti Finfinnee: Poolii idilees ta’e humni addaa Oromiyaa, naannicha keessatti bobba’ee hojjetaa jiru kamuu ilmaan qonnaan bulaafi naannoo biraarraa kan hindhufne ta’uu Komishiniin Poolisii Oromiyaa beeksise. Komishinara Jeneraalaa Komiishinii Poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaa Waasihun Takileetiin “Namni naannoo biraarraa dhufee Oromiyaatti poolisummaan tajaajilu hinjiru” - Komishinii Poolisii Oromiyaa ibsa kaleessa waajirasaaniitti Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, poolisoota idilees ta’an humni addaa Oromiyaa ilmaan qonnoon bulaa Oromooti. Qaamoleen nageenya naannichaa hinbarbaanne tokko tokko garuu miidiyaa hawaasummaarratti holola sobaatiin nageenya ummataafi naannichaa Gara fuula 18tti Komiishinara Jeneraalaa Araarsaa Mardaasaa Muftii Haaji Umar Indiris Sheek Hajii Ibraahim (Suurri Tsahaay Nuguuseetiin (Suurri Gabaaboo GabreetiinHajii

Upload: others

Post on 08-Nov-2020

4 views

Category:

Documents


0 download

TRANSCRIPT

Page 1: Qubattoota Sulultatti deggarsa · 2020. 8. 20. · Tattaaffiin kunimmoo karoora misooma magariisaa biyyattiin qabatte milkeessuurra ... Daa’immaniifi Dargaggootaa Oromiyaa ibse

Bara - 43 Lak. 17 Bariisaa Waxabajjii 6 Bara 2012 (June 13, 2020) Qar. 2.30

Yaada Mo’ataa Injifannoo Caalmaaf!

Gara fuula 11tti

Finfinnee: Dhimmoota guguddoo barana xiyyeeffannoo argatanii mootummaafi qaamolee addaddaa walfalmisiisaa turan keessaa adeemsi filannoo waliigalaa marsaa 6fa, lakkaawwiin ummataafi manaa, galmeessaafi waliigalteen paartilee siyaasaa, akkasumas tarsiimoon ijaarsa sirni federaalizimii hordofamaa jiru ni eeramu.

Isaan kunneen ammoo kallattiinis ta’u alkallattiin hariiroo ummattootaa, walta’insa

Takkaalliny Gabayyootiin

Filannoon waliigalaa

erga koviid-19 to’atameen booda

adeemsifama

Gaaffiilee bakka buutota

Tigraayiifi deebii ministira

muummeefuula 2

Qubattoota Sulultatti

argamaniifi deggarsa

taasifamaafii jiru fuula 3

Bayyanaa Ibraahimiin

Itoophiyaan biyyaa sabootaafi sablammoota hedduu qofa osoo hintaane, biyya amantiiwwan garaa garaatisi. Amantiiwwan biyya kana keessatti waggoota dheeraaf jiraataniifi hordoftoota hedduu qaban keessaa amantiin musliimaa isa tokko. Yeroo jalqaba gara biyya kanaatti galu gammachuudhaan mootota biyya kanaa

Gaaffiin hawaasa Musliimaa jaarraa walakkaaf gangalachaa ture deebi’uun

gammachuu addaa nutti uumeyeroo sana turaniin kan simatame amantichi, mootota biyyattii sana booda dhufaniin garuu dhiibamanii akka lammii lammataatti ilaalamuuf dirqaman.Keessumaa bara mootii Hayilasillaasee Musliimni cunqursaa hamaa jalatti kufuu kan himan Pirezidaantii Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Federaalaa, Muftii Haaji Umar Indirisi.Bara Danrgii keessas mirga gurmaa’uu dabalatee ayyaanotni amantichaa sadeen ayyaana biyyaalessaa akka ta’an

murtaa’uu ibsu. Bara mootummaa ADWUI keessatti immoo mirga amantii wanti jedhu waraqaarratti barreeffamuu eeranii, waraqaarratti barraa’uun garuu dhiibbaawwan amanticharra turan dhaabsisuu kan hindandeenye ta’uu dubbatu. Gaaffiin hawaasa Musliimaa jaarraa walakkaaf gangalachaa ture bara mootummaa jijjiiramaa waggaa lama

Gara fuula 18tti

Finfinnee: Poolii idilees ta’e humni addaa Oromiyaa, naannicha keessatti bobba’ee hojjetaa jiru kamuu ilmaan qonnaan bulaafi naannoo biraarraa kan hindhufne ta’uu Komishiniin Poolisii Oromiyaa beeksise.

Komishinara Jeneraalaa Komiishinii Poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaa

Waasihun Takileetiin

“Namni naannoo biraarraa dhufee Oromiyaatti poolisummaan tajaajilu hinjiru”

- Komishinii Poolisii Oromiyaaibsa kaleessa waajirasaaniitti Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, poolisoota idilees ta’an humni addaa Oromiyaa ilmaan qonnoon bulaa Oromooti.

Qaamoleen nageenya naannichaa hinbarbaanne tokko tokko garuu miidiyaa hawaasummaarratti holola sobaatiin nageenya ummataafi naannichaa

Gara fuula 18ttiKomiishinara Jeneraalaa Araarsaa Mardaasaa

Muftii Haaji Umar Indiris Sheek Hajii Ibraahim

(Suu

rri T

saha

ay N

uguu

seet

iin(S

uurr

i Gab

aabo

o G

abre

etiin

Haj

ii

Page 2: Qubattoota Sulultatti deggarsa · 2020. 8. 20. · Tattaaffiin kunimmoo karoora misooma magariisaa biyyattiin qabatte milkeessuurra ... Daa’immaniifi Dargaggootaa Oromiyaa ibse

ODUU BARIISAA BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 6 Bara 2012 2

Gara fuula 11tti

Finfinnee: Xiyyeeffannoon gara fuulduraa Itoophiyaa qabeenya bishaanii qabdu mara itti fayyadamuuf sirnaan hogganuu akka ta’e yeroowwan addaddaatti ibsamaa tureera. Kana milkeessuuf ammoo imaammata qabeenya bishaanii waggoota digdamaaf ittitajaajilamaa turte yeroo jalqabaaf fooyyessuuf haldureen marti xumuramuusaati kan beekame.

Minsiteera Bishaanii, Jallisiifi Inarjiitti daarektarri qorannoofi misooma bishaanii Obbo Abbittii Geetaanaa Gaazexaa Bariisaatiif akka ibsanitti, Itoophiyaan imaammata qabeenya bishaanii waggoota digadama dura baastee hojiirra kan oolchite yoo ta’u, damee kanaanis jijjiiramootni hedduun galmaa’aniiru.

Fedhiin biyya keessaafi sochiileen hawaasummaa, dinagdeefi siyaasa addunyaas haala jireenyaa biyyattiirratti dhiibbaa uumaa tureera jedhan. Kanarraa ka’uun bulchiinsa qabeenya bishaanii keessatti jijjiiramoota si’atoo fiduuf hojiilee hedduun hojjatamaa kan turan yoo ta’u, sochiin imaammata qabeenya bishaanii fooyyessuus kanuma waliin kan walqabatuudha.

Qabiyyeewwan imaammata qabeenya bishaanii duraanii keessatti fooyya’uu qaban adda baasuufis waggoota lamaan darbaniif ciminaan hojjatamaa tureera jedhanii, kanaanis qaawwawwan sektaroota jallisii, bishaan dhugaatiifi anniisaa adda baasuun danda’ameera.

Itoophiyaan imaammata qabeenya bishaanii fooyyessuufiTakkaalliny Gabayyootiin

Fakkiin imaammata qabeenya bishaanii gara fuulduraa biyyattiis maal fakkaachuu akka qabu kaa’uun danda’ameera jedhan. Kunimmoo fedhii ummataa, dhaabbilee deggarsaa, bulchiinsa qabeenya bishaanii biyyoolessaafi biyyoota yaa’a laga Abbayyaas kan giddugaleeffate ta’uu ibsaniiru.

Yeroo ammaas wixineen imaammatichaa sadarkaa xumuraarra kan gahe yoo ta’u, yaadni galtee dhimmamtootarraa dhiyaates funaanamuun akka ittidabalamu ta’eeraa jedhan. Kanaanis biyyattiin keessumaa hoggansa misooma sululaafi qabeenya bishaaniirratti akka xiyyeeffatuuf kan gargaaruudhas.

Bulchiinsi qabeenya bishaanii duraan Ministeera Qonnaafi Ministeera Bishaanii, Jallisiifi Inarjii gidduutti walitti bu’iinsa uumaa tures fooyya’insa taasifameen akka sirreeffamu godhameera.

Keessumaa ammoo karoorri tarsiima’aafi dizaayiniin dhiyeessa bishaan qulqulluu hundagaleessa ta’ee akka hammatamu taasifamuusaas eeraniiru. Hundarra ammoo bu’uurri bulchiinsa qabeenya bishaanii dhaabbatummaatiin ittifufsiisuuf kan gargaaruudha jedhan. Kunimmoo Itoophiyaafis ta’e biyyoota yaa’a laga Abbayyaatiif misoomni waliigalaa ittifufiinsaan akka mirkanaa’uuf shoora qabaachuu ifatti kan mul’isuudha.

Bulchiinsa qabeenya bishaaniirratti xiyyeeffatamuu qaba

Ministirri Muummeen Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad Wixata darbe gaaffiilee adda addaa miseensota Mana Marii Bakka Bu’oota Ummatarraa dhiyaataniifiif deebiifi ibsa kan kennan yoo ta’u, nutis keessumaa ibsa isaan yaada bakka buutonni Tigraay kaasanirratti kennan isin dubbisiisna.Ummanni Tigraay ummata kabajamaa gararraas gadis hintaane, tokkummaa Itoophiyaatiif aarsaa ta’eefi gatii kanfaleefi ummata Itoophiyaatiif gaachana ta’eedha. Ummanni kun tulluu haadhee, dhama’ee nyaatuufi sabboonfi boonsisaadha. Ummata Tigraay kan beeknu jette jetteedhaan miti, wajjin jiraannee, harkasaarraa nyaannee, wajjin jiraanneeti. Ummta wajjummaan jiraachuu beekuudha. Kan rakkoo ta’aa jiru ummata Tigraayiifi paartiilee waliin makuudha. Ummanni Tigraay oggaa waggaa 40 har’aa qabsoo farra Dargii eegalu paartiifi yaada tokko qabatee hinkaane. Paartiileefi yaadonni adda addaa turaniiru. Har’as paartii seerqabeessi Aranaa jedhamu jira; paartii yaada ofii, ilaalcha, gurmaa’ina ofii qabu, sagantaa ummata Tigraay ittiin jijjiiru qabu. ABUT jira; kan yaadaafi falaasama ofii qabu. Akkasumas dhalattoonni Tigraay Paartii Badhaadhinaa keessa taa’anii qabsaa’an jiru. Ummata guddaa kana yaada, karaafi paartii tokkoon ilaaluun sirrii miti. Yeroo baay’ee oggaa ABUTfi Badhaadhinni tapaha jechootaa eegalan duuchumatti ummanni Tigraay tuqame jedhamee dubbatama. Kun sirrii miti. Mootummaan Naannoo Tigraay akka mootummaatti balleessaa, hattuu, hamaa, kan hinhojjenne fakkeessanii yaaduun dogoggora. sirrii miti. Mootummaan Naannoo Tigraay keessa gaaraa hanga dakaatti namoonni jireenya ummatasaanii jijjiiruu barbaadan, hattummaa balaaleffatan, Itoophiyaa jaalataniifi tattaafatan kaneen kumaatamatti lakkaa’aman ni jiru.ABUTs taanaan paartii miseensota kumoota heddutti lakkaa’aman qabuudha. Dura taa’aasaarraa eegalee kaneen hanga miseensa dakaatti jiran balleessoodha yaadni jedhu nu hinjiru.

Gaaffiilee bakka buutota Tigraayiifi

deebii ministira muummee

Charinnat Hundeessaatiin

Finfinnee: Qabeenyi uumamaa yeroo yerootti manca’aa ture yoo iddootti hindeebisne ALA hanga bara 2050tti ho’i qilleensaa Itoophiyaa digrii sentigreedii 1.7 irraa gara digrii sentigireedii 2.1tti dabaluu akka danda’u ragaaleen ni mul’isu. Hangi ho’aa kun dabaluunsaa ammoo dhiqamni biyyeefi faalamni naannawaa uumamuun bu’uuraaleen misoomaa akka diigamaniif sababa ta’a.

Inistitiyuutii Qorannoo Naannawaafi Bosonaa Itoophiyaatti daarektarri qorannoo bulchiinsa sirna akkoo (uumamaa duraanii) Doktar Abajjee Hayiluu akka jedhanitti, waggoota afur keessatti biqiltuuwwan biliyoona 20 dhaabuun tarsiimoo misooma magariisaa milkeessuuf ittigaafamummaa akka biyyoolessaatti fudhatte addadurummaan bahachaa jirti.

Tattaaffiin kunimmoo karoora misooma magariisaa biyyattiin qabatte milkeessuurra darbee guddina dinagdee ardii Afrikaa si’eessuu keessatti gahee olaanaa qaba. Keessumaa ammoo biyya yeroo hunda ongeedhaan miidhamaa jirtu bu’uurarraa jijjiiruuf sochiin walta’insaan taasifamaa jiru biyyoota guddina waliigalaan badhaadhan

Takkaalliny Gabayyootiin

Qabeenya uumamaa manca’e iddootti deebisuuf biqiltuuwwan biliyoona 20

biratti dinqisifannaa guddaa argachuu danda’eera jedhu.

Ardittin keessumaa ammoo biyyootni Afrikaa bahaa hangas mara akka biyyoota indastiriin badhaadhanii kaarbondaayi oksaayidii gadhiisanii qilleensa kan faalan ta’uu baatus dhiibbaa jijjiiramni qilleensaa geessisaa jiruun miidhamuun hinoolle.

Itoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa to’achuuf bara darbe biqiltuuwwan biliyoona afur dhaabuun rikardii addunyaa qabachuunshee kan yaadatamuudha jedhanii,

kunimmoo bu’aa ijaan argamu buusuun addunyaarratti fakkeenyummaan akka fudhatamtu taasisuu ibsan.

Faayidaan ashaaraa ykn misooma magariisaa egeree ofiifi hawaasaa murteessuurra darbee sirna uumamaa duraanii iddootti deebisuuf shoora guddaa kan taphatuudha. Keessumaa ammoo madaala uumamaa eeguuf kan fayyadu yoo ta’u, bakka bashannanaa ta’uun tajaajila jedhu. Kanaaf ammoo iddoowwan magariisaa ta’an misoomsuu, kunuunsuufi

Gara fuula 11tti

Gara fuula 11tti

Page 3: Qubattoota Sulultatti deggarsa · 2020. 8. 20. · Tattaaffiin kunimmoo karoora misooma magariisaa biyyattiin qabatte milkeessuurra ... Daa’immaniifi Dargaggootaa Oromiyaa ibse

ODUU GAMAAGAMASII BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 6 Bara 20123

Sululta: Lammiileen Oromoo sababa walitti bu’iinsa daangaa bulchiinsaatiin buqqa’anii Magaalaa Sulultaa qubatan deggarsi barbaachisu isaaniif taasifamaa kan hinjirre ta’uufi “Haalli keessa jirru weerara vaayirasii koronaatiif nu saaxilinnaa” jechuun sodaa keessa jiraachuu dubbatu.

Obbo Jamaal Aliyyii qubattoota magaalattii ganda 02 jiraatan keessaa tokko yoo ta’an, haala jireenyaa rakkisaa keessa jiraniin walqabatee weerara vaayirasii koronaatiif ni saaxilamna yaaddoo jedhu qabaachuu himu.

“Jireenyi daran nutti cimeera. Mana girgiddaan ykn gidaarrisaa qorqorroo ta’e keessa waan jirruuf qorri nutti hammaateera. Lafti naannawichaa yeroo gannaa bishaana’aa waan ta’eef manni fincaanii guutee bakkeerra yaa’aa jira. Kun ammoo nus ta’e ijoollee keenya koronaa dabalatee dhibeewwan adda addaatiif saaxiluu danda’a” jedhu.

Erga bakka sana qubatanii waggaa sadii ta’uu himanii, hanga ammaatti deggarsa mootummaan taasisuufirraa gurguratanii qoraaniifi kuduraa bitachuun of jiraachisaa jiraachuu dubbatu.

Deggersi duraan baatii baatiidhaan kennamaafii tures irraa hir’achuu eeranii, baatii baatiidhaan harka namaa eeggataa jiraachuu beeksisaniiru. Bulchiinsi magaalichaas deggersa taasisaafii akka hinjirre dubbatu.

Mana bilookii tokko abbootii warraa afuriif qoodame keessa jiraachaa akka jiran kan eeran Obbo Jamaal, maatiin hanga ijoollee 15 qabu waan jiruuf yeroo koronaa kanatti haala kanaan jiraachuun yaaddoo isaanitti uumuu dubbatu.

Aadde Fariyaa Amiiriifi Dargaggoo Ahmad Abdallaa yaaduma Obbo Jamaal cimsuun, keessumaa Ahmad akka jedhetti, sababa

Qubattoota Sulultatti argamaniifi deggarsa taasifamaafii jiru

weerara vaayirasii koronaatiin hojii hiikeera.

Rakkoo buqqaatota kanneenii kan hubate Dhaabbatni ‘DCT Entertainment’ jedhamu Hospitaalli Waliigalaafi Kolleejii Fayyaa Adaamaa wajjin ta’uun lammiilee Magaalaa Sulultaatti argamaniif deggarsa wal’aansaa guyyoota lamaa, meeshaalee qulqullina ittiin eeggataniifi qorichootaa qarshii miliyoona shanitti tilmaamamu taasiseera.

Daarektarri Medikaalaa hospitaalichaa Doktar Mahaammad Kabiir Huseen akka jedhanitti, hospitaallisaanii kanaan duras buqqaatota bakkeewwan adda addaa qubatanii jiran deggeraa tureera.

Torban darbes lammiilee Magaalaa

Natsaannat Taaddasaatiin

Sulultaatti argamaniif gargaarsa meeshaalee qulqullinaa ittiin eeggatan, tajaajila wal’aansa guyyoota lamaafi qorichoota qarshii kuma 400tti tilmaamaman taasiseera.

Kantiibaan magaalaa Sulultaa Obbo Solomoon Abbabbaa akka jedhanitti, hospitaalichi gargaarsa ammaa malee ayyaana Iid-Alfaxirirrattis lammiilee kanneeniif sangoota 17 dhiyeessuun aantummaa ummataaf qabu agarsiisaa jira.

Magaalattiitti abbootii warraa 520fi waliigalaan buqqaatonni maatii kuma sadii ta’u qabana jiraachuu eeranii, gareen eegumsa fayyaa magaalichaa haala lammiileen kunneen vaayirasii koronaa

ittiin of irraa ittisaniifi eeggatan gabbaisa hubannoo kennaa jiraachuu beeksisaniiru.

Mootummaan naannichaa, bulchiinsi magaalichaafi hawaasni lammiilee kanneeniif deggersawwa adda addaa taasisaafii jiraachuus himanii, hojiitti isaan galchuufis barana tokko tokkoon abbootii warraatii hanga qarshii kuma 20tti kennamuu ibsaniiru.

Buqqaatotni kunneen akka of danda’aniifi hojii dhuunfaasaanii akka ummataniif deggersa mootummaan taasisuufiin ala abbootiin qabeenyaafi dhaabbileen gara garaas deggersa barbaachisuun akka isaan bira dhaabbataniif gaafataniiru.

Aadde Fariyaa Amiir Tajaajilli wal’aansaa buqqaatotaaf yeroo kennametti

Finfinnee: Tajaajilli lammummaa Oromiyaa dargaggoota miliyoona torba hirmaachisu kun har’a Shawaa Kibba Lixaa, Magaalaa Walisootti akka eegalamu Biiroon Dhimma Dubartootaa, Daa’immaniifi Dargaggootaa Oromiyaa ibse.

Tajaajilli lammummaa dargaggoota Oromiyaa baranaa hojiilee garagaraatiin kan gaggeeffamu ta’uus hogganaa ittaanaan biirichaa Obbo Huseen Abbaazinaab ibsaniiru.

Sochii tajaajila lammummaa ji’oota sadiif turu kanaan dargaggoonni tatamsa’ina koronaarratti gadi bu’anii akka hojjetan taasifamu jedhaniiru.

Tajaajilli lammummaa Oromiyaa har’a Walisotti

eegalamaWaasihun Takileetiin Kanamalees tajajiilli lammummaa dhiiga

arjoomuus dabalataan gaggeeffama jedhaniiru.

Kanamalees sochii misooma ashaaraa magariisaa ministira muummeen wixiname milkeessuuf biqiltuu biliyoona lamaa ol dhaabuufis karoorfamuu ibsaniiru.

Akka Oromiyaatti biqiltuu biliyoona 3.5 dhaabuuf karoorfame keessaa dhibbantaa 50n dargaggootaan aguugama jedhaniiru.

Tajaajilli lammummaa baranaa akka Oromiyaatti gaggeeffamu kun daangaa darbee hojii tola ooltummaa babal’isuuf naannolee biraa keessattis akka kennu himaniiru.

Kunimmoo hariiroo naannolee cimsuu keessatti shoora.

Tajaajilli lammummaa dargaggoota Oromiyaa baranaa mataduree, “Ani lammii kootiif” jedhuun kan geggeeffamu yoo ta’u, dargaggoota tola ooltummaa kanarratti hirmaataniif beekamtiifi badhaasni ni

kennama jedhaniiru.

Hojiin tola ooltummaa kanaan raawwatamuu qarshii biliyoona 2.5tti kan tilmaamamu ta’uus beeksisaniiru.

Page 4: Qubattoota Sulultatti deggarsa · 2020. 8. 20. · Tattaaffiin kunimmoo karoora misooma magariisaa biyyattiin qabatte milkeessuurra ... Daa’immaniifi Dargaggootaa Oromiyaa ibse

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 6 Bara 2012 4

Bariisaan Guraandhala bara 1969 hundaa’e.

Torbanitti al tokko, guyyaa Jimaataa,Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiin

maxxanfamaa ture. Waxabajjii 1,2011 irraa eegalee Sanbata maxxanfamaa jira.

Gulaalaan Charinnat Hundeessaa

Lak.Bilbilaa [email protected]

[email protected]:Kutaa Magaalaa Nifas Silki

Laaftoo, Aanaa 12

Qopheessitootni:Saamraawit GirmaaNatsaannat TaaddasaaTashoomaa QadiidaaTakkaalliny GabayyooBayyanaa IbraahimWaasihuun Takilee

Ethiopian Press Agency

Ijoo Dubbii

Adeemsisaa Hojii Bil. 011-126-42-22Kutaa Beeksisaa:

Bil. 011-156-98-65Raabsa Gaazexaa Bil.011-157-02-70

Faaksii Kutaa Qophii 251-011-1-5698-62

L.S.P [email protected]

Dhaamsa Bariisaa

GumaachitoonniHamiltan Abdulaaziiz Dachaasaa Roorroo Alamaayyoo Hayilee Zarihun GabreeDoktar Gurmeessaa Hinkoosaa

Itoophiyaatti erga weerarri koviid-19 mudatee kaasee gaaga’ama hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa geessiseera; geessisaas jira. Kanaanis filannoon waliigalaa marsaa 6fa Hagayya 23 bara 2012 adeemsifamuuf qabamee ture akka darbu ta’eera.

Kanarraa kan ka’e si’a jalqabaatiif rakkoon heeraa waan mudateef furuuf hiikaan heeraa karaa Gumii Calaltuu Heeraa kennamee yaadni murtee akka dhiyaatu taasifameera. Gumichis muuxannoo qabuun tooftaalee addaddaa fayyadamuun hiika heeraa kenneera. Kunis Roobii darbe Mana Maree Federeeshiniitiin ragga’eera.

Heerri sirna mootummaa biyyi tokko ittiin hundeeffamtu, gaggeeffamtuufi ittiin bultu, akkasumas caasaaleen mootummaa ittiin ijaaraman, karaa

Muuxannoon heera hiikuu adeemsaan gabbataitti aangoo ummataa dabarsaniifi yeroo turtii mootummaa ittidaangessaniidha.

Akkasumas heerri haguuggii seerotaa mootummaan qajeelfamootaafi danbiiwwan bu’uuraa baafatee ittiin biyya bulchu waan ta’eef yaada dimshaashaa qofa qabata. Yaadotni dimshaashaa kanneen ammoo caalaatti ifa gochuuf hiikaa heeraa kennuun dirqama.

Itoophiyaatti hiikaa heeraa kennuun si’a jalqabaaf yaa ta’u malee biyyootni addunyaa hedduun bifuma kanaan dagaagfachuu akka danda’an beekuun barbaachisaadha. Adeemsiifi akkaataan itti heerri hiikamus biyyoota addaddaatti garaagarummaa qabaatus kaayyoonsaa rakkoo siyaasaa mudateef furmaata saayinsaawaa kaa’uun sirna mootummaa ummataa ittifufsiisuudha.

Qaamoleen adeemsa hiika heeraa

kennuu keessatti hirmaatanis yeroo baay’ee ogeessota beekumsa seeraa qabaniifi dhaabbilee tajaajila seeraa kennan, akkasumas namoota adeemsa wixinee heeraa qopheessuu keessatti hirmaataniifi raggaasisan ta’uu qaba. Gama kanaan qaamoleen alana adeemsa hiikaa heeraa kennuurratti hirmaatan beekumsaa qabaniin ittigaafatamummaasaaniitti kenname haalaan bahataniiru.

Kanaanis yaadni murtee lama kan dhiyaate yoo ta’u, kan jalqabaa koviid-19 yaaddoo fayyaa ummataa ta’uu dhiisuunsaa mirkanaa’ee hanga filannoon adeemsifamutti aangoo mootummaa federaalaafi mootummoota naannolee dheeressuudha.

Kan lammataa ammoo erga koviid-19 to’atamee booda filannoon waliigalaa ji’oota 9-12 gidduutti adeemsifamuu

akka qabu murtaa’eera. Kunis rakkoo heeraa si’a jalqabaatiif biyyattii mudateen furmaata heeraa kennuun hangam bu’aa qabeessa akka ta’e mul’isa jechuudha.

Hiikaa heeraa kennuun rakkoo siyaasaa mudate furuun biyyattiif haaraa ta’us muuxannoon amma argame akka ciminaatti kan fudhatamuu qabuudha. Kunis heerri seera olaanaa waan ta’eef qaawwawwan mul’atan mara yeroodhaa yerootti gabbisaa deemuun murteessaa ta’uu kan agarsiisudha.

Dimshaashumatti rakkoo heeraa mudate karuma heeraatiin furmaata barbaaduun hangam wabii qabeessaafi amansiisaa akka ta’es beekuun danda’ameera. Heerris sanada waliigaltee adeemsa keessa gabbatu waan ta’eef fuulduratti cimee ittifufuu qaba.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Addunyaarratti ardiin Ameerikaa Kibbaa bosona uumamaan badhaatuudha jedhameeti dubbatama. Bosonichi baldhinaan kan argamu Biraaziil keessatti yoo ta’u, Boliviyaa, Kolombiyaa, Firaansi Guyaanaa, Surmaan, Peeruu, Ikuwaadoriifi Veenzhuulaa kan daangessuudha. Sulula Amaazoon keessatti baldhinaan kan argamu bosonni kun lafa iskuwer kiiloo meetra miiliyoona 5.5 uwwisee akka jiruudha, kan dubatamu.

Afrikaarraa ammoo Koongoo keessatti kan argamu bosona Koonogo yoo ta’u, dimshaashaan bal’ina lafaa iskuwer maayilii kuma 650 kan kan uwwisuudha. Bosonni kunis biyyoota Afrikaa Koongoowwan lameen, Kaameeruun, Afrikaa Giddugaleessaa, Ikuwaatoriyaal Giiniifi Gaaboon daangessuun beekama.

Haata’u malee biyyoonni Afrikaa baay’een sulula guddaa Afrikaa bahaa keessattiifi gammoojjii Sahaaraatiin waan daangeffamaniif yeroo baay’ee ongeedhaan rukutamuudhaan jireenyisaanii gadadoo keessa tureera.

Biyyi teenya Itoophiyaanis hawaasa addunyaa biratti beelaafi ongeedhaan baramaa kan dhufte xumura bara 1950n irraa eegalee akka ta’e ragaaleen ni mul’isu. Yeroo ammaa kana ammoo wayita bosonni biyyattii manca’ee balaaf saaxilamaa jiruudha.

Baroota 1950n dura uwwisi bosona biyya keenyaa dhibeentaa 40 akka ture seenaan dhugaa baha. Kanumaanis Itoophiyaan addunyaarraa Biraaziil, Afrikaarraa ammoo Koongoo qixa dachee bosonaa jedhamuun eeramaa turte.

Seenaan bosona biyyattii kun garuu hedduu ammallee baay’ina lakkoofsa ummataa waliin walqabatee uwwisi bosona biyyattii dhibeentaa 40 irraa gara dhibeentaa sadiitti sigigaachuuf dhaloota tokkollee hin lakkoofsisne. Wayita ammaa garuu gara dhibbeentaa 15tti guddateera. Sababa kanaan egaa biyya ongeefi gadadoo taatee eeramuunis kan dhufe.

Uwwisa bosona biyyattii kana deebisuuf garuu yeroo baay’ee biqiltuu dhaabuun

Biqiltuu dhaabuun lubbuu ofii haaromsuudha

yaalamaa tureera. Keessumattu bara dargii duula misooma magariisaa jedhamurratti ummanni keenya kallattii maraanuu biqiltuu akka dhaabu godhameera.

Duula taasifame kanaan gaarreewwan qullaatti hafan, sululawwan lolaadhaan biyyoon isaanii dhiqamu heddu keessatti biqiltuun dhaabamaniiru. Bosona dhaabate kanaaf ammoo qonnaan bulaan abbummaadhaan kunuunsee akka guddisu itti gaafatamummaan itti kennamee ture.

Yeroo mootummaa ce’umsaa qonnaan bulaafi horsiisee bulaan lafa walsaamuuf jecha bosona kununfamaa turetti duuluudhaan akka manca’uuf sababii ta’uusaatti ongeen hamaan uumamaa ture. Ongeen kun biyya teenyatti waggoota kudhan keessatti al tokko waan mudatuuf barkumee sababeefachuudhaan duula taasifameen bara 2000 irraa kaasee ji’oota gannaa waggaa waggaan biqiltuun akka dhaabamu ta’eera.

Haata’u malee Ministirri Muummee mootummaa RFDI Doktar Abiyyi Ahmad bara darbe sadarkaa biyyaaleessaatti sagantaa ashaaraa magariisaa biqiltuu dhaabuutiin jalqabameen ummanni marti hirmaachuutiin biqiltuu biiliyoon afur dhaabameera.

Sagantaan kun waggaa afur keessatti biqiltuu biiliyoona 20 dhaabuuf kan karoorfamee yoo ta’u, baranas Caamsaa 28 bara 2012 ministirri muummeen magaalaa Hawaasaa, gaara Taaborirratti biqiltuu dhaabaniiru.

Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo

Shimallis Abdiisaas godina Kibbaa Lixaa Shawaa naannawaa magaalaa Walisootti sagantaa kana eegalsiisaniiru. Sagantaa kanarratti hoggantootni olaanaa naannichaas hirmaataniiru. Akksaumas Kantiibaan ittaanaa Bulchinsa Magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaa abbootii amantiifi miseensota kaabinee waliin ta’uudhaan biqiltuu dhaabaniiru.

Akka karoorri barana bahe mul’isutti ganna kana keessa guutuu biyyattitti biqiltuun hundee biiliyoona shanii ni dhaabatu jedhameeti eegama. Hawaasni keenyas magaalaafi baadiyyaa kan jiraatan sagantichi fiixaan akka bahuuf mataa mataadhaan dalaasaafi qe’ee isaatti biqiltuu akka dhaabu dhaamsi darbeera.

Minstirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad ummanni akka kanaan duraa mukeen bosonaa keessatti dhaabatan qofa osoo hinta’iin kuduraafi fuduraa dabalatee muduraalee nyaataaf oolan dhaabuudhaan nyaataan mataa ofii danda’u akka qaban ibsaniiru.

Hawaasni keenya hubannoo vaayirasii koronaarraa ofeeggachaa dhibicharraa of baraaruu qabu jechuudhaan dhaabbileen fayyaa hoggantoonni naannoleefi bulchiinsotni magaalotaas kana caalaa ummata dadammaqsuu qabu.

Hawaasnis keenyas biqiltuu dhaabuun hundarra lubbuu ofii haaromsuu ta’uusaa hubachuun isarra jiraata. Kanaaf xinnaa guddaan fiixa bahiinsa duulichaatiif walta’uudhaan dirqama lammummaa irraa eegamu bahachuun murteessaadha.

Page 5: Qubattoota Sulultatti deggarsa · 2020. 8. 20. · Tattaaffiin kunimmoo karoora misooma magariisaa biyyattiin qabatte milkeessuurra ... Daa’immaniifi Dargaggootaa Oromiyaa ibse

MijuuBARIISAA SANBATAA Waxabajjii 6 Bara 2012

fuula 6

Dhiphachuu otoo hintaane ofeeggachuu

Siinqee: Mallattoo dubartummaa

fuula 10

Hubannoofi obsi dawaa injifannooti

fuula 12

“Haalli qilleensa baranaa gama hundaan mijataadha”

- Obbo Faxxanaa Tashoomaa

Page 6: Qubattoota Sulultatti deggarsa · 2020. 8. 20. · Tattaaffiin kunimmoo karoora misooma magariisaa biyyattiin qabatte milkeessuurra ... Daa’immaniifi Dargaggootaa Oromiyaa ibse

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 6 Bara 2012 6

AADAAFI AARTII

Maartaa Kabbiteetiin

Siinqeen ulee qal’oo, sorooroo muka harooressaarraa muranii tolfamtuudha. Mukti harooressaa

qaqal’aafi sorooroo waan ta’eef filatama; akka laayyoottis hincabu. Siinqeen hojjaa /dheerinna dubartii qabattuu akka gitutti muramti.

Akka magaallattee bareedduuf immoo baaxii manaa jala bakka aara argattutti suuqu. Kanaafi, kan dubartiin dheertuu, magaalli lookoon kan siinqeen fakkeeffamtuuf. Siinqee dubartii heerumtetu qabata. Intalli yeroo heerumtu haati intala heerumsiistu siinqee, boraatiifi baarree qopheessiti. Siinqeen mallattoo birmadummaa/ uumamaan bilisa ta’uuti. Boraatiin mukarraa soofamee, tolfamee calleedhaan faayameemmoo mallattoo haadhawarrummaaati. Baarreen qodaa aannanii waan ta’eef mallattoo hormaataati.

Cidharratti yeroo gurbaan fuudhu misirrittii fudhatee galuuf ka’u, haati intala heerumsiistu siinqee, boraatiifi baarree harkatti qabattee balbala dura teessi. Gurbaan fuudhus bira gahee dhaabbata.

Yeroo kana haati intala heerumtuu “Hoodhu baarree, hoodhu barsee”,jettee gurbaatti kenniti. Kana jechuun intala tiyya sitti yaboo/ imaanaa kennadhe jechuudha. Ergasii gurbichi yeroo misirrittii fuudhee qe’eesaa gahe siinqee, boraatiifi baarree misirittiitti kenna. Misirittiinis seera hirma furaa booda siinqee, boraatiifi baarree qabattee gola qophaa’eef seentee olkeessi; achumaanis dhaadha siinqee taati.

Yeroo jara walfuudhan kana eebbisanillee “Siinqeefi baarree ofkalaa” jedhuun. Ergasii misirrittiin tuuta siinqeetti makamti jechuudha. Kanaafi, kan siinqeen mallattoo dubartummaati jedhamuuf. Siinqee akka uleetti hinfayyadaman. Horii ittiin hinrukutan. Yeroo qabatanis akka dhadhaabbataatti hinfayyadaman.

Dubartoonni Oromoo siinqee seeraan kennameef kanaan mirga haadhawarrummaa isaanii tikfachaa, haawaasa keessatti dubartoota siinqee qaban waliin gurmuu uummatanii seerota adda addaa ittiin raawwatu.

Dubartiin siinqee qabatte hawaasa Oromoo keessatti ulfina guddaa qabdi. Dubartii siinqee qabattee karaa deemtutti yoo dhufan hamma ofkaltii isii hinargannetti isii dura qaxxaamuruun hindanda’amu.

Dhaabbatanii isii dabarsu; lagas dura ceesisu. Dubartoonni siinqee qabatanii walfaana yaa’an/ bayima bahan ateetee jedhamu. Dubartoota bayima bahanii, siinqee faarfachaa deemanitti yoo dhufan (maanguddoonnillee) fardarraa bu’anii, marga jiidhaa ciranii “Dhiltee dhinna!” jedhanii ofkala gaafatu.

Dubartoonni sunis akkasuma marga jiidhaa ciranii “Obbahaa, ijarraa hafaa!” jedhanii ofkalchuun. Dubartoota bayima bahan osoo isaan hineebbisin nama isaan qaxxaamure ari’anii qabanii adabu. Aangoo siinqeen sirna Gadaa keessatti qabdu.

1. Dhiibamuu mirga dubartummaa dhaabsisuuf

Sirni gadaa, seera siinqeetiin mirga dubartoota Oromoof kenne. Fakkeenyaaf,

Siinqee: Mallattoo dubartummaa

dubartii abbaan warraa dhaaneef, gurmuun siinqee tokkummaadhaan birmannaa godhuuf. Sagaleen dubartii abbaa warraatiin dhaanamtee iddoo dhagahametti, dubartoonni ililchaa, birmannaa waldhageessisanii waliif qaqqabu.

Akka seera siinqeetti dubartiin sagalee ililchuu dhageesse kan gurmuu siinqee kan keessa jirtu kamuu akkuma sagalee kana dhageesseen waan hojjattu kamuu dhiistee, (kan daa’ima hoosistus dhaabdee) siinqeesii luqqifattee, hatattamaan birfachuuf dirqama qabdi.

Dubartoonni seera siinqee raawwachiisuuf gurmuun deeman, weedduu siinqee weeddifachaa mana dubartii abbaan warraa dhaanee san dhaqu. Dubartoonni dura qaqqaban, dubartii san siinqee qabachiisanii manaa baasu. Dubartoota hafan birmachiisuufis,

“Intala aayyaa dhageettee

Oduun si geettee?” jechaa walitti qabamanii sagalee tokkoon sarbamuu mirgasaaniifi roorroo isaanirra gahe ateeteedhaan ibsatu.

Namichi haadhawarraasaa dhaanes ta’ee dhiironni haati warraasaanii gurmuu kana keessa jiran hunduu, qe’eensaanii ona ta’a; daa’imnis ni boochi. Kanaafuu dhiironni marti namicha balleessaa hojjate san murtiitti dhiheessuuf carraaqu.

Dubartoonnis dubartii abbaan warraa dhaane san marsanii, faarruusaaniitiin roorroo didaa, gara abbootii Gadaa (amma jaarsolii gosaatti) iyyata deemu. Jaarsoliinis ulfinasaaniitiif marga jiidhaa ciranii “Dhiltee dhinna!” jedhuun; dubartonnis “Obbahaa, ijarraa hafaa!” jechuun ofkaltii kennuufi.

Yeroo kana ajaarsoliin ofirra gaditaa’anii “Ulfoo teenna maal rakkatan, maaltu bade?” jechuun gaafatuuni. Dubartiin gurmuu kana gaggessitus dubartii dhaanamte san ofdura qabdee waan isii irratti raawwatame jaarsoliitti himti.

Jaarsoliinis namicha haadha warraa dhaane kana waamanii dhihessanii, dubbii qoratu; hammasiif dubartoonni roorroon akka irraa dhaabbatu weedduudhaan gaafatu.

Jaarsoliin miidhaa qaqqabe madaalanii, qoratanii murtii dabarsu. Murtiin kun horii namichi sun jaalatu qaluu ta’uu danda’a. Seerri siinqee murtee kana raawwachiisee,

dubartoonnis horii qalame yaa’iidhaa laatanii, weedduusaaniitiin siinqee faarfachaa, dubartii dhaanamte manatti deebisanii manasaaniitti deebi’u.

Yoo namichi haadha warraa dhaane sun harka qal’eessa ta’e, adabbiisaa fudhachiisanii, horii san dhiisaniifii eebbisanii biraa deemu. Birmannaan akkanaa kun erga sirni Gadaa laafee dubartii qanafaa (kan erga deessee ji’a jaha hinguutin) abbaan warraa dhaane qofaaf godhama.

2. Lola dhaabuuf

Gosa gidduutti walitti bu’iinsi uumamee, lolli hamaan/ waraanni yoo ka’u dubartoonni siinqeesaanii qabatanii ililchanii battalatti walgahu. Weedduusaaniitiin siinqee weeddisaa gara lafa lolaatti yeroo deeman, waaqa siinqeedhaaf aangoo kana kenne faarsu.

Yoo lafa waraanni/ lolli jiru sanitti dhihaatan immoo weedduusaaniitiin waraanni akka dhaabbatu maqaa Waaqaatiin gaafatu. Kanaan yoo dhaabbachuu dide jidduu seenu. Waraana hammaatellee yoo ta’e seera siinqee bira hindarbu; battalumatti dhaabbata. Kanaaf siinqeen mallattoo araaraati jedhama.

3. Hoomaa waraanaa eebbisuuf

Birmadummaan biyyaa yoo tuqameefi diinni waraana labse, raayyaa waraanaa diina biyyarraa deebisuuf duula deemu kan eebbaan gaggeessan gurmuu dubartoota siinqeeti.

Gaafa duulaa san gurmuun dubartoota siinqee kun weedduusaaniitiin siinqee faarfachaa, waltajjii hoomaa daangaa biyyaa kabachiisuu sanirratti walgahu. Ergasii tarree lamaan hiriira galanii fuulleetti wal ilaalaa, siinqee mataa waliin gahanii dhaabbatu. Loltoonni duula deemanis siinqee jala hulluuqaa darbu. Gurmuun siinqee kunis akkas jechaa hulluuqsisu.

“Anshaa afannee jala teennaa

Ansho’oo kadhannaa ilmaan keennaa!”

Anshaan maqaa mukaa yoo ta’u, ‘Ansho’oo kadhannaa ilmaan keennaa’ jechuunimmoo nagaadhaan,injifannoodhaan akka deebi’an kadhanna jechuudha. Erga hulluuqanii keessa ba’anii boodas “Loohaa ofkalaa/ ofkalaa gala” jechuun eebbisu. Loltoonni

duulanis “Aayyoo offollee, offoltiin faaya nuun jettee”, jechaa hulluuqu. Siinqeen mallattoo milkiiti.

4. Waaqa araarfachuuf

Bara ongeen hammaate, bara dhibeen daddarbaan dhufe, yeroo roobni sa’aafi namaa hintolle baay’ate, walumaagalatti yoo rakkoo jabaan dhalate, gurmuun siinqee malkaatti, odaa ykn qilxuu jalatti bahanii araaroo Waaqa kadhatu.

Gurmuun siinqee kun yoo kadhaaf bahan siinqee, irreessa (marga jiidhaa)fi aannan ciicootti qabatanii, siinqee weeddifachaa yoo iddootti kadhatan san (malkaa, odaa ykn qilxuu jala) gahan faarruudhaan Waaqa kadhatu.

“Ateetee siinqee tiyya lootii qabadhee

Rabbi kiyya mootii kadhadhee

Ejersa jaboo, jabaa laga keessaa

Waan jabaatellee Rabbuu nu milkeessaa

Ateetee siinqee tiyya jiituu calaliituu

Safuu tiyya laaltee ana hin miituu

Safuu tiyya hin ilaalainii

Nan wallaalinii

Siinqee tiyya lootii kan durii

Rabbi kiyya mootii na furii

Waa hindhabanii si biraa

Waan hindhabneeftu jiraa”

jechaa Waaqni guddaa ta’uu ragaa bahaa, araara gaafachaa, siinqeen mallattoo jiidhaa ta’uu ibsu. Iddoo itti bahan kanatti hanfalaa/ sabbata hiikkatanii, marga saniin irreeffatanii, aannan dhibaafatanii gara qulqulluun Waaqa kadhatu, Waaqnis ni dhagahaaf. Roobni ni rooba;gurmuun dubartootaa kunis gammachuudhaan ililchaa gara manasaanii galu. Dhibeenis biyyaa bada, rakkooleen biroos ni furamu.Siinqeen mallattoo araara uumaafi uumamaati.

5. Yeroo da’umsaa

Gurmuun dubartoota siinqee kun dubartii da’umsaaf ciniinsifattu birattis walgahuun suunqoo walii fidanii, dubartii ciniinsifattu san jajjabeessaa, akka nagaan hiikkattuuf Waaqa kadhatu. Da’umsa boodas gumaata/ kennaa walii fadanii walgaafatu. Gaafa deessuun dhaqna/ nafa dhiqattus biratti walgahanii, dhadhaa muudanii, siinqee faarfachaa, Waaqaa galata galchaa bira oolanii galgala galu. Gurmuun dubartoota siinqeen kun dubartii dhala dhabdeefis imimmaan buusanii /boohaa Waaqa kadhatu.

6. Yeroo aseennaa/ addibaana dhaqaniif

Mirgoota seerri siinqee dubartootaaf kenne keessaa tokko heerumanii bultii horatanii, haadha siinqee ta’uudha. Haaluma kanaan dubartiin osoo hinheerumin mana turte ykn dhiira wahii jaalattee itti heerumuu barbaadde, siinqee murattee qophooftee tasa siinqeefi hiddii qabattee, warra gurbaa dhaqxi.

Akkuma qe’ee warra gurbaa geesseen siinqeefi hiddii san dallaa warra gurbaarraan qaarisiistee darbattee, mana seentee utubaa manaa qabatti. Dubara aseennaa dhaqxe manaa hinbaasan. Haadha warraa nama filattee dhaqxee san taati. Seera siinqeeti; siinqeen mirga dubartiiti.

Page 7: Qubattoota Sulultatti deggarsa · 2020. 8. 20. · Tattaaffiin kunimmoo karoora misooma magariisaa biyyattiin qabatte milkeessuurra ... Daa’immaniifi Dargaggootaa Oromiyaa ibse

QARREEFI QEERROOBARIISAA SANBATAA Waxabajjii 6 Bara 2012 7

Waldaaleen Intepiraayizii Maayikroofi Xixiqqaa (IMX) hedduun waggaa waggaan gurmaa’anii damee hojiilee gara garaarratti bobba’u. Isaan keessaa milkaa’anii gara abbaa qabeenyaatti kan ce’an garuu muraasa. Waldaalee hedduun utuu hinmikaa’in hafu ykn nidiigamu. Maddootniifi furmaatni rakkoo kanaas dubbisa kana keessatti eeramaniiru. Dargaggoo Dajanee Isaasuu Godina Arsii, Aanaa Heexosaa Ganda Guchii Habee Baddoosaa jiraata. Dargaggoon kun bara 2009 barnootasaa digrii tokkoffaa Yunivarsitii Haramayaarraa Injiinariingii Jallisiitiin ‘Irrigation engineering’ kan eebbifame yoo ta’u, hanga ammaatti hojii yeroos ta’ee dhaabbataa kan hinqabne ta’uufi maatii waliin hojii qonnaa hojjachaa jiraachuu dubbata.Akkuman yunivarsitii irraa eebbifamee dhufeen akka aanaatti dargaggoota ja’a akaakuun barnoota ittiin eebbifamne walfakkaatu waliin taanee waldaadhaan gurmoofnee hojiilee pirojektoota bishaanii addaddaa dorgomnee hojjachaa turre kan jedhu dargaggoon kun, haalliifi hololli yeroo sanaa gaarii waan hinturreef hojii keenya itti fufuu hindandeenye. Yeroo ammaa waldaan keenyas diigamee hojii malee jirra jedha.Pirojektii mo’annee hojjachaa turreef kaffaltiin marsaa marsaadhaan geggeeffamaa ture. Kaffaltiin marsaa jalqabaa dhibbantaa hangi ta’e kaffalamee erga hojii jalqabnee booda kaffaltii marsaa lammaffaa argachuun baay’ee rakkisaa ture. Kaffaltii marsaa lammaffaa gaafannee argachuuf hanga ji’a torbaa nu gaafata ture. Bulchiinsiifi waajjirri jallisii aanichaa qarshii ijaarsa pirojektootaa yeroon gad nuuf lakkisuu dhiisuu isaaniitiin pirojektii nuti ji’a tokkoof walakkaa keessatti hojjannee xumuruu qabnu yeroon xumuruu hindandeenye. Kaffaltii akka gad nuuf lakkisaniif xalayaadhaan gaafannus waan kaffaltii gad nuuf lakkisuu dhiisuun ofumasaaniitii ammoo yeroon waliigaltee keenyaa darbeera nuun jechuun hojii keenya addaan kutuuf dirqamneera jedha. Ergasii as hojiilee kontiraata addaddaa dorgomee hojjachaa turuusaa kan himu dargaggoon kun, yeroo ammaa maatiisaa waliin hojii qonnaa hojjachaa jira. Gara fuulduraatti bajeta ka’umsaa argannaan hojii dhuunfaasaa uummatee hojjachuu akka barbaadu kan himu dargaggoon kun, hojiidhuma qonnaayyuu sirnaan hojjachuuf kaappitaala ka’umsaa barbaachisa jedhu. Nuti dargaggoonni utuu bajeta ka’umsaa argannee waanti nuti hojii mootummaa eegganuuf hinjiru. Kaappitaala hojii ittiin jalqabnu liqiidhaanillee utuu argannee hojii kamuu uummatnee hojjachuu dandeenya jedha. Isa qofa utuu hintaane dargaggoonni naannawaasaa hedduun hoj dhabeeyyii waan ta’aniif maatii isaanii irratti hirkatanii jiraachuu kan himu darggaggoo Dajaneen, lafa qonnaa kan qabu maatiidha.

Lafuma qonnaayyuu kireeffatanii qotuuf gatiinsaa baay’ee ol ka’aa waan ta’eef hojii qonnaa irrattiyyuu hirmaachuun ulfaataadha. Kanaafuu maatii keenya hojii qonnaa gargaarree midhaan nyaannee gallee ciisuudha malee jireenyatti hinjirru jedha. Hojii ummatnee hojjachuuf deggersa, gorsaafi kaappitaala ka’umsaatu nu barbaachisa kan jedhu dargaggoo Dajaneen, utuu deggarsi nu barbaachisu nuuf taasifamee waanti nuti hojjannee hinjijjiiramneef hinjiru. Hojii qonnaallee waggaatti yeroo lama akka hin oomishneef bishaan jallisii dhabamuutu harka nu qabe. Bara roobni xiqqaan roobu omishni qonna irraa argamu gadi bu’aa waan ta’uuf hojiin misooma jallisii babal’isuu xiyyeeffannaa kan barbaadu ta’uu eera. Utuu dhiyeessi bishaan jallisiifi gargaarsi gara garaa nuuf taasifamee waggaatti yeroo lamaa ol omishuudhaan ofirra darbinee nama biraadhaafuu carraa hojii banuu ni dandeenya. Qonnaan bulaan naannawa kanaas qonna irraa omisha gahaa argachuun jiruuf jireenya isaa fooyyessuu nidanda’u turan jedha.Weerara vaayirasii kanarratti hubannoo gaarii qabna. Vaayirasichi hafuuraafi tuttuqqiidhaan saffisaan nama irraa namatti kan darbu ta’uusaa ni beekna. Harka keenya saamunaafi bishaaniin yeroo yeroon dhiqachuu, qaamaan hanga meetira lamaa ol walirraa fagaachuu, waltuttuquurraa of qusachuudhaan hanga danda’ame vaayirasicharraa of eeggachaa jirra. Haala kanaan vaayirasicharraa of baraaruu akka dandeenyu hubannoo ni qabna. Rabbii wajjin hanga dandeenyu of eeggachaa jirra jedha. Ittigaafatamaa Waajjira Misooma Intarpiraayiziifi Industirii Godina Arsii Obbo Abdulkariim Muhaammad akka jedhanitti, barana akka godinichaatti namoota kuma 50fi 548f carraa hojii dhaabbiifi yeroo uumuuf karoorfannee hojjachaa jirra. Kana keessaa hanga ammaatti magaalaafi baadiyyaatti namoota kuma 42 ta’aniif carraa hojii dhaabbii uumuun danda’ameera. Godinichatti namootni hojidhabeeyyiin daran waan baay’ataniif fedhiisaanii guutuu baannus akkaataa karoora keenyaatti hojiin nuti raawwachaa jirru gaariidha jechuu ni dandeenya jedhu.Baadiyaafi magaalaatti damee hojii gurguddoo torbaaf carraa hojii uumuuf hojjachaa jirra kan jedhan ittigaafatamichi, baadiyaatti dameen hojii qonnaa namoota hedduuf kan carraa hojii uumeedha. Hojiin qonnaa kun beellada horsiisuufi furdisuu akkasumas midhaan omishuus of keessatti qabata. Damee hojiilee daldala, tajaajilaa, inidustiriifi manifaakchariingiitiinis namootni hedduun carraa hojii akka argatan ta’eera jedhu. Namootni waldaa Interpiraayizii Maayikroofi Xixiqqaa (IMX)n gurmaa’an akka biqiltuuti. Biqiltuun dhaabbate bishaan obaasanii kunuunsaafi eegumsa barbaachisu gochuufii baannaan guddachuu hindanda’u. Waldaan IMXs akkasuma biqiltuu kanaa

deggarsa, hordoffiifi to’annoo barbaachisu argachuu baannaan hinguddatan. Waldaaleen utuu gara hojiitti hinseenin dura leenjii, qarshii liqii, bakka hojjii (omishaa)fi bakka gurgurtaa akka argatan ni taasifama. Isa booda walitti hidhamiinsa gabaa uumuufiin barbaachisaadha. Kun ta’uu yoo baate hojiirras ta’e gabaarra turuu hindanda’an jedhu.Waldaaleen IMX yeroo hojiirra jiran jajjabaachaa akka deemaniif leenjiin hojiirraa yeroo yeroon ni kennamaaf kan jedhan Obbo Abdulkariim, galmee herregaa sirriitti qabachuudhaan galiifi baasii isaanii beekanii bu’aafi kisaaraa isaanii adda baafachaa akka deeman taasisuurrattis deggarsiifi hordoffiin taasifamaafii jira. Waldaaleen kaappitaala qarshii miliyoona 1.5 horatan ammoo gara waldaalee guddattuu giddugaleessaatti akka ce’an ni taasifna. Haaluma kanaan bara 2011 waldaalee 85 gara waldaalee guddattuu giddugaleessaatti kan ceesifne yoo ta’u, barana waldaalee 52 ceesisuuf karoorfachuudhaan karooraa ol waldaalee 72 ceesifneerra. Sagantaan waldaalee kunneen ceesisuu garuu gara fuulduraatti kan raawwatu ta’u jechuun ibsu. Waldaaleen manifaakchariingii kaappitaala miliyoona 1.5 yoo horatan gara waldaa guddattuu giddugaleessaatti kan ce’an yoo ta’u, waldaaleen daldalarratti gurmaa’an ammoo qarshii kuma 500fi isaa ol kan horata,, gara waldaa guddattuu giddugaleessaatti ce’uu akka danda’an dubbatu.Waldaalee IMX deggaruu, hordofuu, to’achuu, leenjiifi liqii kennuufiin hojiilee sektaroota gara garaatiin raawwatamaniidha kan jedhan ittigaafatamichi, lafa kan dhiyeessu waajjira lafaati, sheedii kan dhiyeessu bulchiinsa magaalaati, leenjii kan kennu waajjira ykn biiroo BLTOti, tajaajila qarshii liqii kan kennu ammoo WLQO ta’uu eeru. Gama WLQOtiin garuu rakkoo guddaatu nu mudachaa jira jedhanii, bu’aa ba’iin gama sanaan jiru bal’aa waan ta’eef waldaaleen tajaajila qarshii liqaa argatanii hojiitti seenuurratti rakkoo guddaan waan jiruuf waldaadhaan gurmaa’anii utuu hojiitti hinseenin kufuun bal’inaan mul’ataa jiraachuu ibsu. Waldaaleen erga hojiitti seenanii booda hordoffiifi deggersa barbaachisu dhabuudhaan deebi’anii kufuun ykn diigamuunis rakkoo nu quunnamaa jiruudha kan jedhan ittigaafatamichi, leenjii guutuu hubannoosaanii gabbisu kennanii hojiirratti bobbaasuun walqabatee hanqinni jiraachuus ni eeru. BLTOnis hanqina humna namoota leenjisanii waan qabuuf waldaalee hunda bira gahee leenjii kennaa hinjiru jedhanii, hojiileen IMX baadiyaatti hojjatamus hanqina qabaachuu himu.Aadaa waliin hojjachuurrattis hanqinni waan jiruuf waldaaleen hojiitti galanii qabeenya argatan qooddatanii addaan

bittinnaa’uun miseensonni waldaalee IMX hedduun yeroo gabaabaa booda deebi’anii hojidhabeeyyii ta’aa jiraachuus ni dubbatu. Waldaaleen IMX diigamuun deggarsa, hordoffiifi to’annoo barbaachisu argachuu dhabuufi aadaan hojii biyya keenyaa jijjiiramuu dhabuurraa madda kan jedhan Obbo Abdulkariim, waldaalee hedduu waggaa waggaan gurmeessinu keessaa bu’aa qabeessa ta’anii gara abbaa qabeenyaatti kan ce’an garuu daran ta’uu ibsaniiru.“Hariiroon sektaroota IMX waliin hojjataniis laafaadha. Keessumaa hanqinni sektara keenyaafi WLQO gidduu jiru bal’aadha. Waldaalee seeraan gurmeessuu, liqii kennuufii, liqii kennameefiin seeraan hojjachaa jiraachuufi dhiisuusaaniifi liqii akka deebisan taasisuurratti hanqinni cimaan jira” jedhu.Kanaan dura dargaggoota hojii hinqabne adda baasanii gurmeessuurratti rakkoon mul’achaa ture yeroo ammaa fooyya’uu eeranii, kanaan dura abbaa qabeenyaa gurmeessanii hojiitti galchuun rakkoo gama IMXtiin mul’achaa ture ta’uu ibsu. Yeroo ammaa hojimaatni dargaggoota hojii hinqabne galmeessuurraa eegalee ittiin calalan diriiree jiraachuus dubbatanii, hojiicha ittigaafatamummaan kan hojjatu waajjira hawaasummaati jedhan.Namni tokko hojidhabaadha jedhamee erga galmaa’ee booda ummatni gandasaa ba’ee akka mirkaneessu taasifama. Kanaafuu nama ummatni gandichaa hojidhabaadha jedhee mirkaneessetu waldaa IMXtiin akka gurmaa’u ta’a. Rakkoon namoota hojii hinqabne qofa qulqullinaan calalanii hojiitti galchuu waliin walqabatee mul’achaa ture keessaa guutummaatti ba’uu baannus daran hir’isuudhaan %1 gaditti gad buufneerra jedhu.Waldaalee IMX gurmeessuu, leenjisuu, hojiitti galchuufi to’annoofi deggarsa barbaachisu taasisuufiin hojii sektaroota adda addaa waliin raawwatamu waan ta’eef sektaroonni dhimmichi ilaallatu gahee isaan irraa eegamu bahachuufi qindoominaan waliin hojjachuu akka qaban Obbo Abdulkariim eeraniiru. Carraa hojii bal’aa uumuufi milkaa’ina waldaalee IMX mirkaneessuun bu’uura dinagdee cimsuun guddina dinagdee biyyattii mirkaneessuufi imala biyyattiin qonnarraa gara industiriitti taasisaa jirtu milkeessuu keessatti gahee guddaa kan qabu ta’uu himaniiru.Dargaggoonni keenya hojidhabeeyyiinis aadaa walitti dhufanii waliin hojjachuu gabbifachuu akka qaban eeranii, kanneen har’a hojidhabeeyyii ta’anii gurmaa’an halkaniifi guyyaa hojjachuudhaan waggaa tokkoofi lama booda hojidhabeeyyii biroodhaaf carraa hojii uumuu akka qaban yaadachiisu.

Natsaannat Taaddasaatiin

Waldaaleen IMX hedduun maaliif kufu ykn diigamu?

Dargaggoo Dajanee Isaanuu

Suu

rri:

Daa

nyee

Ab

arra

atiin

Page 8: Qubattoota Sulultatti deggarsa · 2020. 8. 20. · Tattaaffiin kunimmoo karoora misooma magariisaa biyyattiin qabatte milkeessuurra ... Daa’immaniifi Dargaggootaa Oromiyaa ibse

KEESSUMMAA BARIISAABARIISAA SANBATAA Waxabajjii 6 Bara 2012

Keessummaan Gaazexaa Bariisaa maxxansa kanaa Obbo Faxxanaa Tashoomaa, Daariktara Ejensii Metiworolojii biyyaalessaafi miseensa koree raawwachiiftuu hojii metiworolojii addunyaati. Gaafdeebiin isaan waliin taasisne akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Bariisaa: Bakka dhalootaa, haala barnootaafi muuxannoo hojii keessanii gabaabaatti utuu nuu ibsitanii?

Obbo Faxxanaa: Waxabajjii 12 bara 1969n Godina Arsii, Aanaa Gadab Hasaasaattin dhaladhe. Kutaa 1fa hanga 6fatti bakkuma dhaloota koo, mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Coofira Shaashee jedhamuttan baradhe.

Kutaa 9fa hanga 12fa ammoo mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Hasaasaattan baradhe. Isa booda bara 1989 waggaa tokkoof Dhaabbata Leenjii Barsiisota Roobeettan baradhee barsiisummaan eebbifame.

Bara 1990 hanga 2000tti Godina Gujii, Aanaa Daamaattan ogummaa barsiisummaatiin tajaajilaa ture. Bara 1994 hanga 1998tti Yunivarsitii Diillaatti barnoota Ji’ograafiifi Saayinsii Naannawaa baradheen digrii jalqabaan eebbifame. Yeroon godinichatti hojjachaa turetti hoogganaa waajjira barnoota aanaa ta’ee tajaajileera.

Isa booda gara mootummaa Federaalaa dhufeen ogeessa sabqunnamtii Ministeera Albuudaafi Inarjii ta’ee waggoota lamaaf tajaajilee ogummaadhuma walfakkaatuun ittigaafatamaa sabquunnamtii ta’ee Dhaabbata Gi’olojikaal Sarveyitti tajaajileera.

Yeruma sana keessa Yunivarsitii Finfinneerraa barnoota Jijjiirama Qilleensaafi Dandamminasaatiin digirii koo lammaffaa (maastarsiin) bara 2004 eebbifame. Utuun waraqaa qorannoo digrii koo lammaffaa hojjachaa jiruu daarektara Ejensii Meti’orolojii Biyyaalessaa ta’ee muudamee hojjachaan jira.

Bariisaa: Ejensiin Meti’orolojii biyyaalessaa yoom hundaa’e?

Obbo Faxxanaa: Ejensichi of danda’ee utuu hinhundeeffamin dura Dhaabbata Siivil Aviyeeshin jalatti odeeffannoo haala qilleensaa balalii xiyyaaraatiif gargaaru qofa sassaabee kennaa ture.

8

“Haalli qilleensa baranaa gama hundaan mijataadha”

- Obbo Faxxanaa Tashoomaa

Boodarra barbaachisummaan raaga meti’orolojii hojiilee qonnaa, bishaanii, fayyaa, turizimii akkasumas qo’annoofi qorannoo keessatti daran akka fayyadu waan hubatameef bara 1973 labsiidhaan of danda’ee akka hundaa’u taasifame. Ejensichi of danda’ee erga hundaa’ee as tajaajilootaafi teknolojiisaa yeroodhaa gara yerootti babal’ifachaafi guddifachaa sadarkaa amma irra jirurra gahe.

Itoophiyaan miseensa meti’orolojii addunyaa taatee waan galmoofteef ulaagaa metiworolojiin addunyaa ittiin hojjetu guutuun dirqama. Kanaafuu ejensichi tajaajilootaafi teknolojiisaa babal’isuufi fooyyessuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.

Bariisaa: Ejensichi haala kamiin funaansa odeeffannoo raawwata?

Obbo Faxxanaa: Ejensichi yeroo ammaa naannolee saglan keessatti wiirtuuleen ragaan metiworolojii itti sassaabaman kuma tokkoofi 300 ol qaba. Addunyaaraa ragaan metiworolojii haala qilleensaa adda addummaa sa’aatii sadii sadiitiin fudhatama. Wiirtuuleen kunneenis akkaataa ulaagaa sana guutuu danda’uun hojjechaa jiru.

Wiirtuuleen kunniin haala funaansa ragaasaaniitiin sadarkaalee afuritti qoodamu. Sadarkaa tokkoffaan ragaa haala qilliinsaa addunyaadhaaf kan kennuudha. Lammaffaa kallattiifi ariitii qilleensaa paaraameetiroota 10 oliifi ho’ina biyyee kan safaruudha.

Sadaffaan ragaa ho’inaafi roobaa kan safaru yoo ta’u, sadarkaa biyyaatti baay’inaan argamu. Afuraffaan ragaa haala rooba xiqqaafi guddaa kan walittiqabu ykn safaruudha. Wiirtuuleen akkasii manneen barnootaafi wiirtuu leenjii qonnaan bultootaa keessatti argamu.

Haalli qilleensaa daangaa biyyoota addunyaatiin hindaanga’u. Haalli qilleensaa garboota Paasifikii, Hindiifi Atilaantikiirra jiru karaa gaariis gaarii hintaaneen biyya keenyarratti dhiibbaa uumuu danda’a.

Kanaafuu haalli qilleensaa daangaa biyyoota addunyaatiin kan daangeffamu miti. Biyyootni addunyaa haala qilleensaarratti odeeffannoo waljijjiiru. Itoophiyaanis odeeffannoo haala qilleensa biyyattii gara Keenyiyaa, Jeneevaa, Ameerkaafi biyyoota birootiif ni kenniti, ni fudhatti.

Itoophiyaa keessa wiirtuuleen odeeffannoo haala qilleensaa biyyoota addunyaa wajjin akka waljijjiirru taasisan 17tu jiru. Wiiruulee kanneen jalatti dameeleen 11 ni argamu. Dameelee kunneen keessa saatalaayitiiwwan qilleensaa ni jiru.

Bariisaa: Odeeffannoo haala qilleensaa addunyaatiif kafaltii hangamiitu raawwatama? Wiirtuu to’annaa faalama qilleensaa hoo qabaa?

Obbo Faxxanaa: Odeeffannoo haala qilleensa addunyaa saatalaayitcharraa bilisaan argachaa jirra. Odeeffannoon wiirtuulee addunyaa 370 ta’anirraa daqiiqaawwan kudha shan shaniin sarvariirraa fudhanna. Itoophiyaanis odeeffannoo meti’orolojii addunyaa keessatti gumaacha guddaa taasisaa jirti.

Ejensichi wiirtuulee faalama qilleensaa sirreessuuf gargaaran

naannawaawwan industiriiwwan ittiheddummataniifi magaalota guguddoo tiraafikiin ittibaay’atu Finfinnee, Adaamaafi Hawaasaarraa ni qaba.

Bariisaa: Ejensichi haala kamiin odeeffannoo kenna?

Obbo Faxxanaa: Ejensichi raaga haala qilleensaa yeroo gabaabaa, giddugaleessaafi yeroo dheeraa kennaa jira. Raagni haala qilleensaa yeroo gabaabaa sa’aatiirraa kaasee hanga guyyaa sadiitti kan jiruudha.

Odeeffannoon haala qilleensaa giddugaleessaa guyyoota sadii hanga 10tti kan jiru yoo ta’u, kan yeroo dheeraa ammoo ji’a tokkoo hanga ji’oota afuriitti kan kennamuudha. Barana odeeffannoo haala rooba ganna baranaa dursinee kennineera. Bariisaa: Odeeffannoo maal jedhu kennitan mee?

Obbo Faxxanaa: Odeeffannoon rooba ganna baranaa ilaalchisuun

kennine naannawa kibbaa, gammoojjii Booranaa, Baaleetti hanqinni roobaa waan eegamuuf dursanii of eeggannoo barbaachisu taasisuufi bishaan qusachuu akka qabaataniif qaamolee murtii kennaniifi hoggantootaaf kennineerra.

Bariisaa: Itoophiyaatti haala raaga qilleensaa kennuun yoom jalqabame?

Obbo Faxxanaa: Biyya keenyatti bifa kanaan raaga haala qilleensaa ji’a afur dursanii kennuun kan jalqabame bara 1977 erga ongeen mudatee booda.

Bariisaa: Ejensichi ittifayyadama teknolojiitiinis ta’e tajaajila kennaa jiruun sadarkaa akkamiirratti argama? Akkamittis raaga haala qilleensaa kennitu?

Obbo Faxxanaa: Ejensiin Meti’orolojii Biyyaalessaa

Natsaannat Taaddasaatiin

Page 9: Qubattoota Sulultatti deggarsa · 2020. 8. 20. · Tattaaffiin kunimmoo karoora misooma magariisaa biyyattiin qabatte milkeessuurra ... Daa’immaniifi Dargaggootaa Oromiyaa ibse

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 6 Bara 2012

Itoophiyaa gama ittifayyadama teknolojiitiin Afrikaarraa Afrikaa Kibbaatti aanee sadarkaa lammaffaarratti argama. Biyyoota Awurooppaa, Ameerkaafi Eeshiyaa wajjin yoo dorgomnu garuu waan baay’eetu nu hafa. Biyyoonni Awurooppaafi Chaayinaan saatalaayitii meti’orolojiis ni qabu.

Meti’orolojii oggaa jennu lafaa keessa meetira sadiirraa eegalee gara samiitti meetira 30 hanga 35 gidduutti kan hojjetuudha. Baalooniin galmeessa ol ka’iinsa qilleensaa yeroo gad lakkifnu hanga meetira 30 erga ol deemee booda ni dho’a.

Baaloonichi hanguma ol fagaachaa deemuun odeeffannoo kompuutara keenyaaf dabarsa. Kun raaga haala qilleensaa kennuu keessatti bu’aa guddaa qaba. Odeeffannoo haala kanaan qindaa’erratti hundaa’uudhaan raaga haala qilleensaa kennina.

Bariisaa: Gumaachi Itoophiyaan raaga haala qilleensaa addunyaa keessatti qabdu akkamitti ibsama? Dameen waajjira meti’orolojii hoo akkamitti gara Finfinneedhufe?

Obbo Faxxanaa: Itoophiyaan miseensa Dhaabbata Meti’orolojii addunyaa waan taateef raaga haala qilleensaa addunyaatiif gumaacha guddaa taasisaa jirti. Waajjirri Meti’orolojii Addunyaa Damee Afrikaa Jenevaa tures gara ardii Afrikaatti akka deebi’u ta’eera.

Dhaabbatichi duraan Burundii ture. Sababoota adda addaatiin gara Jenevaatti jijjiirame. Dhaabbatichi gara Afrikaatti akka deebi’uuf murtaa’e kana bulchuuf biyyoonni 10 durgamnii Itoophiyaan mo’atte.

Itoophiyaan biyya kolonii biyya alaatiif hinjilgeenfanne, dippilomaasii gaariifi siyaasa addunyaa keessatti gahee guddaa qabduun dorgommicha injifachuu dandeesse. Akkasumas buufatni xiyyaaraa Itoophiyaa biyyoota Afrikaa hunda bira ga’uu waan danda’uufi guddinni metiworolojii biyyattii sadarkaa gaariirra jiraachuunis sababoota biroo biyyattiin dorgommicha akka injifattu taasisaniidha. Mootummaan biyyattiis sektara kanaaf xiyyeeffannaa guddaa kennee hojjechaa jiraachuun qabxiilee gurguddoo biyyattiin dorgommicha akka injifattu taasisaniidha.

Waajjirri Metiworolojii Addunyaa Damee Afrikaa barana Finfinneetti hojii isaa jalqabee jira. Anis miseensa koree raawwachiiftuu hojii metiworolojii addunyaa ta’een tajaajilaa jira. Carraan kun meti’orolojiin biyyattii gara fuulduraatti akka tarkaanfatu taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Meti’orolojiin biyyaalessaa yeroo ammaa waajjira muummee sadarkaasaa eeggate gamoo abbaa darbii sagalii Finfinnee, naannawa Booleetti ijaarsisaa jira.

Ijaarsi waajjirichaas barana kan jalqabame yoo ta’u, waggaa lama

keessatti xumuruuf karoorfamee hojjetamaa jira. Ijaarsi waajjirichaa yeroo xumuramus meeshaalee meti’orolojii ammayyaa biyyootni guddatan ittifayyadamaniin kan guutamu ta’a.

Bariisaa: Itoophiyaan odeeffannoo haala qilleensaa addunyaa waliin akkamitti waljijjiirti?

Obbo Faxxanaa: Itoophiyaan odeeffannoo haala qilleensaa sa’aatii sadii sadiin addunyaa wajjin waljijjiirti. Daabbata Meti’orolojii addunyaaraas odeeffannoo haala qilleensaa bilisa fudhatti.

Ilniinoon uumamuu akka danda’u odeeffannoo kan kennus dhaabbaticha. Dhaabbatichi odeeffannoo kana kan kennu raaga haala qilleensaa biyyoota Afrikaa, Ameerkaafi Eeshiyaarraa fudhachuudhaani ilnoon uumamuu akka danda’u odeeffannoo kenna.

Bariisaa: Odeeffannoon raaga qilleensaafi roobaa ejensiin keessan kennu akkamitti ummata bira gaha?

Obbo Faxxanaa: Ejensiin keenya akkuman irranatti eeruuf yaale odeeffannoo raaga qilleensaafi roobaa kan yeroo gabaabaa, giddugaleessaafi dheeraa kennaa jira.

Odeeffannoo yeroo gabaabaa karaa miidiyaalee elektironiksiitiin (raadiyoo, televiizhiniifi miidiyaalee hawaasummaatiin) ni kennina. Barreeffamaanis sektaroota odeeffannoo keenyatti fayyadamaniif kennamaa jira.

Odeeffannoon raaga qilleensaafi roobaa yeroo giddugaleessaa ykn kan guyyoota 10 barreeffamaan qaamoleefi sektaroota dhimmichi ilaallatuuf ni dhiyeessina. Odeeffannoon haala qilleensaafi roobaa kun karaa miidiyaalee maxxansaafi caasaalee mootummaatiin hanga dakaatti gad bu’ee hawaasa bira ga’a.

Raaga qilleensaa kanarratti hundaa’uun balaan ongee gara fuulduraatti yoo mudate of eeggannoo gochuuf gargaara. Akkasumas dhiibbaa keessumaa qonnaa/horsiisee bulaa irra gahuu danda’u hambisuuf ni gargaara. Kana malees deggersi dursee walitti qabamuu qabu maal akka ta’e beekanii ittiqophaa’uun kan danda’amu ragaa metiworolojii irratti hundaa’uudhaani karoorfachuun kan danda’amu.

Bariisaa: Odeeffannoon haala qilleensaarratti kennamu keessumaa daandii xiyyaaraatiif faayidaa akkamii qaba?

Obbo Faxxanaa: Odeeffannoon humna guddaadha. Balaa xiyyaaraa uumumu keessaa %70 ol rakkoo haala qilleensaatiin mudata. Balichi yeroo xiyyaarri lafaa ka’u, balali’uufi qubatu mudachuu mala. Kanaafuu balaliisaan (paayileetiin) tokko odeeffannoo haala qilleensaa beekuu qaba. Odeeffannoo haala

qilleensaa hinqabu taanaan balaaf saaxilama.

Balaliisaan tokko xiyyaara olka’iinsa (altiituudii) barbaachisurratti balaliisuu kan danda’u yoo odeeffannoo haala qilleensaa qabaateedha. Kanaafuu xiyyaara balaliisuun dura odeeffannoo haala qilleensaa qabaachuun daran murteessaadha. Kanaaf ammoo gumaachi meti’orolojii olaanaadha. Yeroo gannaa garuu haalli qilleensaa tasa jijjiiramuu danda’a.

Ejensii Meti’orolojii Biyyaalessaa, Dhaabbata Buufata Xiyyaaraa, Daandii Qilleensaafi Siivil Aviyeeshiniin daandii xiyyaaraa milkaa’aa taasisuuf qindoominaan hojjechaa jiru. Siivil Aviyeeshiniin akka tiraafiikiitti xiyyaara bu’uufi ka’u to’ata. Odeeffannoo haala qilleensaas ejensicharraa fuudhee balaliistotaaf dabarsa.

Bariisaa: Odeeffannoo ejensichi haala roobaarratti kennu qonnaan bulaafis ta’e sektara fayyaafi tuurizimiif faayidaa akkamii qaba?

Obbo Faxxanaa: Odeeffannoon haala roobaarratti kennamu keessumaa qonnaan bulaaf faayidaa guddaa qaba. Qonnaan bulaan haala qilleensaarratti odeeffannoo hinqabne bu’aa qabeessa hinta’u.

Qonnaan bulaan omishaafi omishtummaasaa guddisuuf sanyii filatamaa, xaa’oofi teknolojii qonnaatti fayyadamuu akkuma qabu odeeffannoo haala roobaas beekuu qaba. Haalli roobaa hanqina yoo qabaate qonnaan bulaan akaakuuwwan midhaanotaa yeroo gabaabaa keessatti gahan omishuuf akka of qopheessuuf isa gargaara. Sektaroonniifi ogeessotni qonnaas odeeffannoo haala roobaa kana qonnaan bulaa biraan gahuu qabu.

Odeeffannoo ejensichi haala qilleensaarratti kennu qonnaan bulaan midhaansaa rooba jalaa dafee akka sassaabbatuufis ni gargaara. Yoo hanqinni roobaa mudatus dafee akka of qopheessuuf ni gargaara. Walumaagalatti odeeffannoon raaga haala qilleensaa rakkoo guddaa uumamuu malu hi’isuu keessati shoora olaanaa qabaata.

Bariisaa: Raagni haala qilleensaa gama fayyaafi turizimiitiin bu’aalee akkamii qaba?

Obbo Faxxanaa: Odeeffannoon raaga haala qilleensaa dhibeewwan haala qilleensaatiin walqabatanii dhufan ittisuuf gargaara. Fakkeenyaaf dhibee busaafi garaa kaasaa haala qilleensaatiin walqabatee uumama. Kanaafuu ogeessotni fayyaa raaga haala qilleensaa ejensichi kennurratti hundaa’uun bakkeewwan dhibeen busaa itti uumamuu malu adda baasanii of eeggannoo barbaachisu akka taasisaniifi karoora akka baafataniif isaan gargaara.

Tuurizimiin walqabatee biyyoota guddatan keessatti sadarkaa tokkoffaarratti kan ilaalamu haala

qilleensa naannawaati. Kunis

tuuristoonni uffata yeroo qorraa ykn yeroo ho’aa uffatan adda baafatanii akka deemaniif gargaara. Dhibeewwan haala qilleensaan walqabatanii uumamanirraas dursanii akka of eeggatan taasisa. Kanaafuu haala qilleensaa beekuun sektara fayyaatiifis ta’e turizimiitiif daran barbaachisaadha.

Bariisaa: Haalli rooba baranaa akka waliigalaatti maal fakkaata?

Obbo Faxxanaa: Haalli rooba arfaasaafi ganna baranaa rakkoo kan hinqabne ta’uu dursinee raaga haala qilleensaa tibba arfaasaafi gannaa kenninee turre. Haaluma kanaan tibba gannaa kanatti walakkaan naannoo sabootaafi sablammootaa kibbaa, Oromiyaa kibbaa (Booranaa, Gujiifi Gammoojjii Baalee) akkasumas naannoo Somaalee gara kibbaafi bahaa tibba arfaasaatti rooba guddaa kan argatan ta’uufi tibba gannaa kana ammoo hanqina roobaa kan mudatu ta’uu dursee raagameera. Amajjiirraa teenyee bakkeewwan gara garaatti roobni idileefi idilee olii tibba arfaasaa mudachuu akka danda’us raagnee turre. Haaluma kanaan bakkeewwan adda addaatti bokkaan idilee olii roobuudhaan balaan lolaa qaqqabeera.

Bariisaa: Tilmaamni kun akkamiin kennama?

Obbo Faxxanaa: Tilmaamni metiworolojii yeroo kennamu haalli metiworolojii addunyaas ni ilaalama. Haalli qilleensa Garboota Hindii, Atilaantikii jiruufi haalli ilniinoo addunyaas ni ilaalama. Kanarratti hundaa’uudhaan tilmaamni haala rooba ganna baranaa bakkeewwan rooba gannaa argatanitti idileefi idilileen ol ta’uu akka danda’u raagameera.

Raabni gannaa idilee ol ruubu balaa lolaa qaqqabsiisuu waan danda’uuf naannawa magaalotaattis ta’e baadiyyaatti of eeggannoon taasifamuu qaba. Keessumaa qonnaan bulaan oyiruunsaa lolaadhaan akka hidhiqamneef qophii barbaachisu gochuu qaba.

Bariisaa: Roobni baranaa gaarii ta’uun hidha guddicha ji’a dhufu bishaan qabachuu eegaluuf maal gumaacha?

Obbo Faxxanaa: Bokkaan ganna baranaa gahaa ta’uun bishaan hidha guddichaa guutamuuf jedhuuf gumaacha guddaa qaba. Haalli rooba ganna baranaa hangi bishaan lageenii akka dabalu taasisuudhaan humni ibsaa akka dabalu taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu keessattis gumaacha olaanaa waan qabuuf akka carraa gaariitti ittifayyadamuufi balaa lolaa rooba idileedhaan ol roobuun qaqqaburraas of eeggachuun barbaachisaadha.

Bariisaa: Haalli rooba ganna baranaafi dhaabiinsi biqiltuu maal fakkaata?

Obbo Faxxanaa: Haalli rooba baranaa biqiltuuwwan barana dhaabamaa jiraniifis carraa gaariidha. Biqiltuuwwan yeroo dhaabaman bishaan waan barbaadaniif ganni baranaa biqiltuuwwaniif daran mijataadha.

Barana akkuma roobni arfaasaa xumurameen kan gannaas ittifufeera. Qonnaan bulaanis carraa kanatti fayyadamuudhaan oyiruusaa keessas biqiltuuwwan nyaataaf olaniifi biqiltuuwwan uumamaa dhaabuu qaba. Biqiltuuwwan dhaabuufi kanneen dhaabaman kunuunsuufi eeguun madaala qilleensaa eeguudhaan rooba gara fuulduraa murteessuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf hojiin biqiltuu dhaabuufi kunuunsuun gahee nama hundaa ta’uu qaba.

Biqiltuuwwan dhaabaman eeguufi kunuunsuun aara gubataa warshaalee keessaa ba’an ofitti fudhachuun qilleensa haaraa ykn oksijiinii waan kennuuf fayyaa keenyaafis gaariidha. Hojiin biqiltuu dhaabuufi kunuunsuu dhaloota ittaanuufis galaa kaa’anii darbuu waan ta’eef xiyyeeffannaa guddaa argachuu qaba.

Bariisaa: Saatalaayitiin Itoophiyaan barana gara hawaatti furguggeessiterraa ejensichi odeeffannoo akkamii argachuu danda’a?

Obbo Faxxanaa: Saatalaayitii Itoophiyaan barana gara hawaatti ergite ejensichaaf galtee kennu qaba. Saatalaayitichrraa odeeffannoo haala qonnaa, bakka ittargama lafa magariisaa, naannawa bishaaniifi duumessi itti argamu irraa argachuu dandeenya.

Saatalaayichi waan hedduudhaan sektaroota gargaaruu danda’a. Saatalaayitichi haalli qilleensaa jiru qonnarratti dhiibbaa akkamii qaba kan jedhu madaaluufi lafa magaalaa safaruufis ni gargaara. Gara fuulduraatti ammoo saatalaayitii metiworolojikaal jedhamu gadlakkisuuf karoora yeroo dheeraa qabannee hojjechaa jirra.

Saatalaayitiin kun ejensichaaf odeeffannoo guutuu kennuu danda’a. Mootummaanis barbaachisummaa haala qilleensaa sirriitti hubatee irratti hojjechaa jira.

Bariisaa: Dhumarratti dhaamsa ykn ergaa yoo qabaattan?

Obbo Faxxanaa: Haalli qilleensaa yeroodhaa gara yerootti jijjiiramaa waan jiruuf ragaan metiworolojii daran barbaachisaadha. Kanaafuu sektaroonni odeeffannoo ejensiin metiworolojiitti kennurratti hundaa’uun hojiisaanii geggeessuufi karoorfachuu qabu.

Qonnaan bulaanis akkuma omishaafi omishtummaasaa guddisuuf sanyii filatamaafi xaa’oo barbaadu, odeeffannoon haala qilleensaas dhimma murteessaa ta’uu hubatee ittifayyadamuu qaba.

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 6 Bara 2012 9

Page 10: Qubattoota Sulultatti deggarsa · 2020. 8. 20. · Tattaaffiin kunimmoo karoora misooma magariisaa biyyattiin qabatte milkeessuurra ... Daa’immaniifi Dargaggootaa Oromiyaa ibse

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 6 Bara 2012 10

DAMAAKASEEDoktar Gurmeessaa Hinkoosaa ogeessa fayyaa yoo ta’an, Koolleejjii Medikaalaa Hospitaala Qiddus Phaawuloosiitti baratan. Wayita ammaa Yuniivarsiitii Arsiitti barsiisaa jiru.

Fuulli kun dhimmoota fayyaa waliigalaarratti xiyyeeffachuun ogeessa damichaatiin torbanitti al tokko kan isinii dhihaatudha. Isinis gaaffii dhimma fayyaarratti yoo qabaattan teessoo keenyaan yoo nuuf ergitan ogeessaan kan

deebii itti kennamu ta’a.

Dhalli nmaa erga dhalatee ni guddata, ulfaatinaan, dheerinaan waantota hundaan dabalaa deema. Seelonni qaama namaa keessaa yeroo yerootti du’aa, dhalataa, jijjiiramaafi bakka walbuusaa deemu. Fakkeenyaaf seelonni dhiiga diimaa qaama namaa umuriinsaanii guyyaa 120 qofa. Guyyoota kanneen booda seelonni dhiiga diimaa kun guutummaatti haaraadhaan bakka bu’aa deema jechuudha. Seelonni gogaa keenya uwwisanii jiranis akkasuma qunca’anii badaa haaraadhaan bakka bu’aa deemu. Haa ta’u malee seelonni qaama keenyaa yoo du’anii kan biraan bakka bu’an, haala walmadaalaa ta’eefi baay’inni garmalee hindaballe, garmalees hinhir’anneeni.Dhukkubni kaansarii akaakuudhaan hedduu adda addaa ta’anillee akkaataan dhukkubichi ittieegalu walfakkaataadha. Sunis kaanszriin yoo nama qabatu, seelonni qaamaa yoo tokko du’ee tokko bakka bu’aa deemu haala walmadaalaadhaan dhiisee seelii haaraan uumamaa deemu to’annaa ol garmalee baay’ata. Seelii lakkoofsaan hedduu to’annaa ala ta’etu uumamaa deema jechuudha. Seelonni uumaman kunniin ammoo akkuma akaakuu kaannsarii sanaatti adda addummaa qabu. Fakkeenyaaf kaansarii dhiigaa kan jedhamu yoo seelonni dhiigaa to’annaa ala garmalee baay’ataniidha. Kaansariin harmaa akkasuma seelonni harmaa, kan gadameessaa seelonni gadaameessaa yoo to’annaa ala baay’ataniidha. Akkasuma qaamonni biroonis yoo seelonnisaanii garmalee baay’atan maqaasaaniin kaansariin sun moggaafamaa deema.

Kaansariin maalirraa ka’a?Walumaagalatti ka’umsi kaansaroota sirriitti kan hinbeekamne ta’uu baatus, kanneen muraasa ta’aniif garuu haalonni dhukkuba kaansarii kanaaf sababa ta’an ni beekama. Fakkeenyaaf kaansarii ulaa gadameessaatiif (cervical cancer), vaayirasii human papilloma virus (HPV 16, HPV 18) tu nama saaxila. Akkasumas kaanseriin sombaa gara dhibbeentaa 90 (90%) sababa tamboo aarsuu dhufa, kaansriin tiruu ammoo sababa infekshinii vaayirasii hepatitis Bfi hepatitis C carraan nama qabuusaa baay’ee jiraata. Wantoonni dhukkuba kaansariif nama saaxilan ykn carraan kaansariin qabamuu akka olka’u taasisan hedduutu bira ga’ame.Fakkeenyaaf akka Ahaabbanni Fayyaa Addunyaa jedhutti lubbuu namaa waggaa waggaan sababa dhukkuba kaansariin darbu keessaa dhibbantaan 33.3 (33.3%), sababa amaloota dhala namaa lakkoofsaan shan ta’anii kan namatti dhufuudha jedha. Amaloonni shanan kunniinis: 1. Ulfaatinni qaamaa garmalee dabaluu

(high body mass index).2. Fuduraafi kuduraalee baay’isanii

nyaachuun dhabuu (low fruits and vegetables intake).

3. Sochii qaamaa taasisuu dhiisuu (lack of physical activity).

4. Tamboofi waantoota tamboo ofkeessaa

Dhukkubni kaansarii maali?

qaban akka shiishaa aarsuu (smoking tobacco)fi

5. Dhugaatii alkoolii dhuguun (alcohol use) dha.

Walumaagalatti waantoota kaansariif nama saaxilan lakkoofsaa hedduu kan ta’aniifi tarreessuuf kan hinmijanne ta’us, kanneen akka keemikalota tokko tokkoo (akka radon fi asbestos), xiyya (radiation) sababoota garagaraatiin namatti ba’u, tamboo, infeekshinoota adda addaafi kkf beeknee irraa of eeguun dirqama. Keessumaa tamboo qofaadhumasaattillee yoo adda baafnee ilaallee namoota sababa dhukkuba kaansariin waggaa waggaatti du’an keessaa dhibbantaa 22 kan ta’aniif sababa ta’a. Akkasumas infekshinoonni akka ‘HPV’fi ‘Hepatitis Virus’ ammoo dhibbantaa 26 kan ta’aniif sababa ta’u. Kanneen lamaanirraallee yoo of eegne carraa kaansariin du’uu keenyaa hedduu gadi buufna jechuudha.

Dhiitaan hundumtuu kaansariidhaa?Yeroo tokko tokko qaama namaarratti dhiitaan bakka addaa addaatti ni ba’a. Namoonnis akkuma dhiitaa kana argaa deemaniin kansariitu na qabe sodaa jedhuun hedduu na’uufi shororkaa’uu malu. Haa ta’u malee dhiitaan waan qaama namaarratti ba’eef qofa kaansariidha jechuu miti. Dhiitaan tokko tokko akkuma kaansarii baay’achuu seelota irraa kan dhufu ta’us, qaama tokkorraa gara qaama biraatti hinfaca’u, lubbuus hingalaafatu. Fakkeenyaaf quufa mormaa ykn ucuba (goiter) sababa hir’ina elementii ayoodinii irraa dhufu, dhiita’uu mormaa fida. Kun garuu kaansarii miti. Kanneen biroos akkasuma dhiitaa qaamaa ta’anii garuu ammoo dhukkuba kaansarii hintaane jiru. Haa ta’u malee akkuma dhiitaan kaansarii hintaane, ucuba mormaa (goiter) sababa hir’ina ayoodiniin dhufu mormarratti ba’u, kaansariin dhiitaadhuma ucuba mormaa kana fakkaatee ba’us ni jira. Kanaaf dhiitaan tokko kaansarii ta’uufi ta’uu dhiisuusaa kan sirriitti adda baafannu erga mana yaalaa deemnee qoratamnee booda. Kaansariin akkamiin lubbuu galaafataa? Kaansariin tarii osoo qaama tokkorraa gara qaama biraatti hindarbu miti ta’ee lubbuu galaafachuu hindanda’u ta’a. Fakkeenyaaf

kaansariin harmaa osoo harmarraa gara qaama biraatti hindarbu ykn hinfaca’u ta’ee, harmuma qofa hubee, namni harma malee jiraachuu waan danda’uuf lubbuu hingalaafatu ture. Haata’u malee kaansariin kan lubbuu galaafatu yeroo hedduu qaama miidhame sana qofa hubuun miti. Kaansariin akkuma namarra turaa deemeen, qaamarraa jalqabe irraa gara qaama biraatti ce’aa deema. Qaamni ittifaca’us kan ollaa jiru, fakkeenyaaf kaansariin harmaa gara xannacha bobaa jalaa gama harma sanaan jiruutti ta’uu danda’a. Akkasumas kaansariin qaama hube sanarraa qaama fagoo jirutti ce’uu danda’a. Akka fakkeenyaatti kaansariin gadameessa keessaa kan ‘choriocarcinoma’ jedhamu, gadameessarraa gara sammuutti faca’uu danda’a. Kaansarii sababa qaamarraa ka’ee caalaatti, sababa qaama ittifaca’ee lubbuu galaafachuu mala. Fakkeenyaaf kaansariin harmaa, harmarraa gara sombaatti faca’uudhaan, somba hubee akka namni qilleensa hinfudhanne taasisee lubbuu galaafachuu mala. Kaansariin yaalamee fayyu jiraa? Kaansariin tokko kan biraarra wayyuu danda’aa?Gaafa waa’ee kaansarii kaasnu jalqaba sammuu namaa keessa kan dhufu, wal’aansa dhabuusaafi osoo marartoo tokkollee hinagarsiisiin lubbuu galaafachuusaati. Kaansariin dhukkuba hamaa ta’ee osoo jiruu, hamaan tokko hamaa kan biraarra akka wayyuu malu garuu beekamaadha. Kaansariiwwan tokko tokko erga namarratti mul’atanii booda yeroo gabaabduu qofa lubbuun nama jiraachisu. Fakkeenya kaansaroota dafanii nama ajjeesan kanneen akka kaansarii rajiijii (pancreatic head cancer), kaansarii sombaa (lung cancer)fi kaansarii mar’umaanii (colon cancer) fa’i. Kaansaroonni tokko tokko ammoo erga namarrattii mul’atanii booda turtii waggoota dheeraa booda kan lubbuu galaafatan, dafanii hinajjeesn jjechuudha.Yaala kaansarii wajjin walqabatee haga ammaatti qorichi ykn yaalli guutummaatti dhukkuba kaansarii fayyisu dhabamus, yoo xiqqaate garuu qorichoonni akka lubbuun namaa lafarra turu taasisan, akkasumas haga lubbuun turanitti jireeya jibbisiisaa ta’e

hinjiraanne gochuuf nama gargaaran ni jiru. Akkasumas kaanseroonni tokko tokko akka kaanserii xannacha liimfii (Hodgkin lymphoma) fi kanserii cidhaanii (testicular cancer), carraa yaalamanii yoo xiqqaate yeroo muraasaaf fayyuu (itti deebi’uu mala waan ta’eef) qabu. Yaalli kaansariif kennamu yeroo hedduu sadarkaa dhukkubni kaansarii sun irra jirurratti hundaa’uun wal adda ta’uu mala. Yaalliwwan dhukkuboota kaansariif kennaman walumaagalatti: • Qorichoota seelota garmalee baay’atan

san ajjeesan (Chemotherapy) • Yaala muranii baasuu (surgery)• Xiyya cimaadhaan seelota kaansarii san

ajjeesuu (radiation therapy) ta’uu malu. Kaansariiwwan tokko tokko garuu yaala kan ofii isaanii kan adda ta’e qabaachuu malu. Fakkeenyaaf kaansariin dhiigaa tokko tokko, sirna lafee kan seelota dhiigaa oomishu kan namni fayyaan gumaache fuudhanii qaama nama dhukkubsate sanaa keessa kaa’uudhaan (bone marrow transplant) yaaluun ni danda’ama.

Kaansariin akka addunyaatti lubbuu hagam galaafata?

Akka addunyaatti walumaagalatti dhukkubni kaansarii lubbuu namaa galaafachuudhaan sadarkaa lammaffaarra kan jiru yoo ta’u, walumaagalatti waggaa takka qofa keessatti lubbuunamoota miliyoona 9.6 ol (9,600,000+) galaafata.Dabalataan kan nama gaddisiisu ammoo namoota akka addunyaatti sababa dhukkuba kaansariin lubbuun darbu keessaa dhibbantaa 70 kan ta’u, biyyoota galii gad’aanaafi giddugaleessaa keessa jiraatan keessatti. Du’aatii namoota biyya guddataa jirtu keessaa kanaafis akka sababaaatti kan lafa taa’e: • Sababoota kaanseriif nama saaxilan

tokko tokko akka vaayirasii human papilloma (HPV) fi vaayirasii tiruu gosa “B” fi “C” baay’inaan biyyoota guddataa jiran keessatti baay’ata.

• Dhukkuba kaansarii kana kan ittiin adda baasanii beekan (yoo adda baasan malee yaaluun waan hindanda’amneef) biyyoota guddataa jiran keessa hinjiru, yoo jiraates bakka baay’ee murtoofte qofatti argama.

• Yaalli dhukkuboota kaansarii hedduu biyyoota guddatan qofa keessatti kan argamuufi gatii qaalii kan namni biyyoota guddataa jiranii kaffaluu hindandeenye waan ta’eefi.

Lubbuu namaa qofa osoo hintaane dhukkubni kaansarii akka biyyaatti kasaaraa dinagdee guddaa qaqqabsiisa. Fakkeenyaaf, ALA bara 2010 akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa gabaasetti, waggaa sana keessatti baasiin akka addunyaatti dhukkuba kaansarii qofarratti ba’e doolaara Ameerikaa tiriliyoona 1.16 ($ 1.16 trillion) kan ta’uudha. Kun ammoo biyyoota harka qal’eeyyii akka keenyaatiif sirriitti nuuf gala jedheen yaada.Fayyaan Faaya.

Page 11: Qubattoota Sulultatti deggarsa · 2020. 8. 20. · Tattaaffiin kunimmoo karoora misooma magariisaa biyyattiin qabatte milkeessuurra ... Daa’immaniifi Dargaggootaa Oromiyaa ibse

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 6 Bara 2012 11

Yunivarsiitii Finfinneetti ekispartii olaanaan qabeenya bishaaniifi lageen daangaa qaxxaamuranii Doktar Yilmaa Silashii akka ibsanitti, qabiyyeen imaammata qabeenya bishaanii fooyyeffamuuf qophaa’ee kan duraaniirraa garaagarummaa bu’uuraa hinqabu.

Keessumaa biyyattiin bulchiinsa qabeenya bishaaniirratti ejjannoo hinjijjiiramne kan hordofaa turte yoo ta’u, kunis misooma waliigalaa kamuu keessatti haala haqa qabeessaan kan ittifayyadamaa turteefi jirtu ta’uushee mul’isa. Kunimmoo misooma biyyoota ollaafi yaa’a laga Abbayyaarratti dhiibbaa hamaa akka hingeessisneefis kallattii kan kaa’u ta’uu qabiyyee imaammatichaa keessatti hammatameera jedhan.

Qabeenya bishaanii biyyattiin qabdus haalaan kunuunfamuu akka qabu imaammaticha keessatti eerameera

jedhanii, kunis qabeenyi bishaanii misooma waliigalaatiif hangam murteessaa akka ta’e kan agarsiisuudha. Xiyyeeffannoon gara fuulduraa mootummaafi hawaasaas qabeenya bishaanii biyyattiin qabdu kunuunsuun misoomaaf oolfamuun akka irra jiraatu kallattii kan kaa’e ta’uunis hubatamuu qaba.

Qabiyyeen imaammatichaa ofkeessatti tarsiimoo sektara jallisii, inarjii, turizimiifi maniiwwan misooma waaraa qabateera kan jedhan Doktar Yilmaan, kunis qabeenyi bishaanii dameewwan hunda keessatti bu’uura guddinaa ta’uu kan mul’isuudha.

Xiyyeeffannoon waliigalaa imaammatichaa rakkoolee walxaxaa bulchiinsa qabeenya bishaanii keessa turan kan furu yoo ta’u, keessumaa ammoo qabiyyeewwansaa haala ittifayyadamaafi bulchiinsa lageen daangaa ce’aniis kan hammate ta’uun beekameera. Murteefi ejjennoon biyyoota yaa’a laga Abbayyaas walta’insa hundagaleessarratti akka hundaa’uuf kallattii agarsiisa.

Itoophiyaan imaammata qabeenya...

eegumsa gochuun barbaachisaa ta’uus dubbatu.

Sirni akkoo, naannawaa fizikaalaa uumamaa duraanii ta’ee iddootti orgaanizimootni lubbuqabeeyyiifi dhabeeyyii walitti dhufuun jiraataniidha kan jedhan Doktar Abajjeen, kunis orgaanizimoota lubbuqabeeyyiifi dhabeeyyii kan hammatu ta’uusaati.

Hanguma haalli qilleensaa yeroodhaa yerootti jijjiiramu sirni uumamaas walumaan kan jijjiiramu yoo ta’u, kunis waliin jiraachuusaaniirratti dhiibbaa kan qabu ta’uun hubatamuu qabas jedhan. Kanaaf ammoo sirna uumamaa duraanii iddootti deebisuuf lammiileen marti gaheesaanii bahachuu akka qaban yaadachiisu.

Dhaabbata Bosonaafi Bineensa Bosonaa Oromiyaatti gaggeessaan hojii bosona Finfinnee Obbo Baatuu Masqaluu gamasaaniin akka ibsanitti, dhiibbaa uumamaafi namtolchee irraa kan ka’e sirni akkoo ykn naannawaan fiizikaalaa kun miidhamuu ni danda’a. Waggoota dheeraadhaaf dhalli namaa sirna uumamaa keessa jiraachaa waan tureefi jiruuf aadaan

waliin jireenyaa lubbuu qabeeyyiifi maleeyyii gabbateera; gara fuulduraattis cimee kan ittifufuudha jedhu.

Waggoota darban keessa dhiibbaa dhalli namaa geessisaa tureen sirni akkoo haphachaafi golgolaa’aa kan dhufe yoo ta’u, kunis waliigalaan karoorri misooma dinagdee magariisaa akka hinmilkoofneef danqaa ta’eera. Kunimmoo adeemsa keessa hammaachaa waan dhufeef lammiileen marti hundarra ongeefi beelaaf akka saaxilaman dirqisiiseera jedhu.

Kanuma hir’isuuf ammoo biyyattiin jijjiiramni haala qilleensaa madaalliisaa akka eeggatu gochuun manii misooma magariisaa milkeessuu keessatti qooda guddaa bahachaa kan jirtu yoo ta’u, hundarra hojii eegumsa naannawaarratti xiyyeeffattee hojjechaa akka jirtu eeru.

Sirna akkoo ykn uumamaa duraanii deebisuuf karoorri akka biyyaatti qabamee hojjetamaa jirus jajjabeessaadha jedhanii, martuu kutannoodhaan hojjennaan dhugoomuu kan danda’uudha.

Qabeenya uumamaa...

Namoonni misoomaafi dimokraasii ummata Itoophiyaatiif lubbuusaanii aarsaa taasisan, miidama qaamaatiif saaxilaman ammas Maqaleetti argamu; kanneen ulfinni maluuf.Kanneen gaaddisa ABUT jalatti qabsaa’an. Humnumti olaanaan naannicha hogganaa jirullee kan nageenyaafi misooma Itoophiyaa barbaaduudha. Humni hoggansaa olaanaan naannichatti fiixeerra jiru kan as jirurraa adda kan hintaane, misoomaafi nageenya ummata Tigraayiif halkanii guyyaa kan hojjetuudha. Kana jechuun Naannoo Tigraay keessa yakkamtoonni hinjiran jechuu miti; balleessitoonni, kanneen nama arrabsan hijiran jechuu miti. Oggaa namni tokko ykn lama qeeqamu gara ummanni Tigraay qeeqame jedhutti geessuu hinqabnu. Ummnni Tigraay ummata guddaa miliyoonaan lakkaa’amuudha. Ummata namoota lamaa sadiin bakka bu’u miti; paartii tokko qofaanis bakka buufamus miti. Ummanni Tigraay jijjiiramaa as miidhameera yaada jedhuuf bajata naannolee kan raggaasisu manuma marii kana. Oggaan ani gara aangootti dhufu bajanni mootummaa Naannoo Tigraay naannawa qarshii biliyoona torbaa ture.Erga Tigraay naannoo ta’ee hundaa’ee hanga jijjiramichaatti bajannii naannichaa kan guddate hamma qarshii biliyoona torbaatti. Bajanni mana marii ministirootaatiin ragga’ee isiniif dhiyaate keessatti bajanni Tigraay qarshii biliyoona 10.4 galeera. Hanga bajataa duraan tureefi manni marii kun beekurra yeroo jijjiiramaa kanatti harka 42n guddateera. Bajanni kun bajata pirojektii, daandii, dhiyeessii bishaan dhugaatii hinilaalltu; kanin kaase bajata naannoof ramadamu qofa.Vaayirasii koronaa sababeeffachuunis ji’oota lamaan darban qofatti Naannoo Tigraayiif deggarsi qarshii miliyoona 46 maallaqaafi meeshaadhaan taasifameera. Koronaa ilaalchisuun Tigraayiif deggarsi hintaasifamne kan jedhu yoo jiraate ministeera fayyaa waamtanii mirkaneessuun gaariidha; biiroo fayyaa naannichaas yoo gaafattan isinitti himu. Kanaan ala naannichaaf deggarsi maallaqaafi meeshaa taasifameera. Gama dhiyeessii xaa’ootiinis naannoleen Tigraaiifi Kibbaa idea kanaan dura irra ture hinkafalle. Naannoleen kuun kafalaniiru.

Naannoon Tograay waan idaasaa hinkafalleef xaa’oon hindhufuuf jedhamnaan mootummaan federaalaa qarshii miliyoona 445 liqeeffatee akka naannichi xaa’oo hindhabneef kafaleera. Bishaan Maqaleetiif waliigalteen Mootummaa Chaayinaa wajjin taasifame qarshii biliyoona sagali. Maallaqni bishaan Maqaleetiif baasaa jirru magaalota shanii jaha hojjechuu danda’a.Erga mootummaa Chaayinaa wajjin waliimallatteessinee booda kan mootummaan barana kafaluu qabu yoo kafale malee hineegallu waan jedhaqarshii biliyoonni 1.3 raawwatameera.Sababiinsaas ummata Maqaleetiif bishaan dhugaatii qulqulluun dhiyaachuufi waan qabuufi. Yaadni kun nama Maqalee keessa jiruuf sirriitti ibsameeraa, isa quba hinqabu. Pirojektiin ijaarsa daandii baaburaa Waldiyaa-Maqalee rakkoo guddaa qaba. Rakkoon tokko daandiin baaburaa Finfinnee-Jibuutii kiiloo meetiraan doolaara miliyoona 4.8. Kan Waldiyaa hanga Maqalee garuu kiiloo meetiraan doolaara 7.3ni. Daran qaala’aadha. Daandichi waan mijataa hintaaneef; holqaafi riqicha waan qabuuf ijaarsicha qaalesseera. Durumaanuu oggaa pirojektichi bocamu harka 40 Mootummaa Itoophiyaarraa, 60 hafe ammoo Baankiin Egziimii Mootummaa Chaayinaa liqeessuuf ture; baankichi pirojektichi na hinbaasneef hinliqeessu jedhu. Baankonni hundi hinliqeessinu jedhan.Dhagaan bu’uuraa pirojektiin kan Finfinneerraa Ambo, Amborraa Jimma, Baddellee wajjin kaa’ame. Kan gara Amboo geessuuf caalbaasaiin hinbaane. Kan Waldiyaa Maqalee hojiin akka addaan hincinneef kaampaanii Chaayinaatiif qarshii biliyoonni 1.2 kafalameera. Pirojektichi amma harka 55 irra jira. Karoora guddinaafi tiraanisformeeshinii 2fatti Tigraay keessatti daandiilee 23tu karoorfame. Kana keessaa 16 xumuramnii tajaajila eegalaniiru. Sadansaanii ijaaramaa jiru. Sadeen hafan ammoo adeemsa caalbaasiirra jiru.Gara fuulduraattis hanga humni danda’een misooma bu’uuraa Tigraay si’eessuuf mootummaan federaalaa xiyyeeffannaan hojjeta.

Gaaffiilee bakka buutota...

biyyaalessaafi guddina dinagdeerratti dhiibbaa hamaa uumuu waan danda’aniif, keessumaa sadarkaa biyyaatti garaagarummaa ilaalcha siyaasaa ture dhiphisuuf tarkaanfiiwwan addaddaa fudhatamaa turaniiru.

Kana gidduutti garuu weerarri vaayirasii koronaa waan addunyaa mudateef ummatniifi mootummaan, hunda dura ittisasaarratti akka xiyyeeffatan dirqisiiseera. Tarkaanfii walta’insaan fudhatamaa jiruunis maloota ittisa koviid-19 irratti hubannoo lammiilee maraa gabbisuun danda’ameera.

Filannoon waliigalaa marsaa 6fa barana adeemsisuuf qabames sababuma weerara vaayirasichaatiin akka darbu ta’eera. Manni Maree Federeeshinii mootummaa RFDI sagantaa filannichaa dabarsuuf yaada murtee hiika heeraa kennuurratti dhiyaate erga sakatta’ee booda Roobii darbe sagalee caalmaatiin raggaasiseera.

Haaluma kanaan manneen marii federaalaafi naannolee, akkasumas qaamoleen raawwachiistuu sadarkaa mararra jiran hojii idileesaanii haaluma duraatiin akka ittifufaniif murtaa’eera. Weerarri dhibichaas yaaddoo fayyaa ummataa ta’uu dhiisuusaa karaa dhaabbilee fayyaa addunyaa, Afrikaafi Itoophiyaatiin yoo mirkaneeffameefi kunis mana maree bakka bu’oota ummataatiin ragga’e filannoon waliigalaa ji’oota 9-12 gidduutti kan adeemsisu ta’uunis murtaa’eera.

Lakkaawwiin ummataafi manaas adeemsa guddina hawaasummaa, dinagdeefi siyaasa biyyattii si’eessuu keessatti shoora olaanaa kan qabu yoo ta’u, sababootuma addaddaatiin yeroo hinmurtoofneef si’a 2faf dheereffamuunsaa kan yaadatamuudha.

Komishiniin Lakkaawwii Ummataafi Manaas filannoo waliigalaa marsaa 6fafi weerara koviid-19 bu’uura godhachuutiin

mana marichaaf ibsa gabaabaa kan dhiyeesse yoo ta’u, yeroofi adeemsasaarratti garuu miseensotni mana maree federeeshinii yaada furmaataa akka kennaniif gaafateera.

Kanaanis yaadotni faallaa lama kan dhiyaatan yoo ta’u, inni tokko erga filannoon waliigalaa marsaa 6fa adeemsifamee waggaa tokko booda lakkaawwiin ummataafi manaa gaggeeffamuu akka qabu ka’eera. Kan lammataa ammoo bu’aan lakkaawwii ummataafi manaa filannoo waliigalaa biyyaalessaatiif murteessaa waan ta’eef dursuu akka qabu miseensota mana marichaa muraasaan dhiyaateera.

Yaadota lameen dhiyaatanirratti erga mari’atamee boodas ammaaf weerara koviid-19 ittisuufi to’achuurratti xiyyeeffatamuu akka qabu ibsameera. Kamisa darbes manni marii bakka bu’oota ummataafi federeeshinii si’a 3faf akka dheereffamu waliin kan murteessan yoo ta’u, hangasitti garuu komishinichaan

caalaatti qoratamuu akka qabu kallattiin kaa’ameera.

Gama biraatiin ammoo gaaffii gara naannootti guddachuu godinaalee Bulchiinsa Naannoo Sabootaa, Sablammootaafi Ummattoota Kibbaa kudhanirraa (Kafaa, Walaayittaa, Dawaaroo, Kampaataa, Hadiyaa, Gaamoo, Guraagee, Geedi’oo, Gofaafi Oomoo Kibbaa) ka’aa turanirrattis wixineen yaadaa karaa koree dhaabbii dhimmoota hiika heeraafi eenyummaatiin mana marichaaf dhiyaateera.

Gaaffii, ofiin ofbulchuu irra deddeebiin sabootaafi sablammoota naannichaan ka’aa ture furuuf heera bu’uura godhachuun murteessaa ta’uunis ibsameera.

Kana milkeessuuf ammoo koreen yeroo hundeeffamee saffisaan hojii eegaluu akka qabu kallattiin kaa’ameera. Waltajjiin waliiniis karaa jiraattota godinaalee kurnan kanneenii hirmaachiseen ittifufiinsaan adeemsifamuu qabas jedhameera.

Filannoon waliigalaa erga koviid-19 to’atameen booda...

Page 12: Qubattoota Sulultatti deggarsa · 2020. 8. 20. · Tattaaffiin kunimmoo karoora misooma magariisaa biyyattiin qabatte milkeessuurra ... Daa’immaniifi Dargaggootaa Oromiyaa ibse

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 6 Bara 2012 12

QORAASUMA Zarihun GabreeIngiliffaan digrii jalqabu, ‘HIV/AIDS’fi Gorsa wajjin walqabatee Maastarsii qabu. Yeroo ammaa barnoota “Transformational Leadership” jedhamu sadarkaa ‘PhD’tti barachaa jiru. Barreessaa kitaabota Afaan Oromoon ‘Waangolii Dhaloota Mancaasan, Geggeessaa Jijjiiramaaf Dhalate’, afaan Ingiliziin ammoo ‘Abortion and Evangelical Christians, Risk Behaviors and HIV/AIDS among Ethiopian University Students’ jedhamaniiti.

Hubannaafi obsi dawaa injifannooti Dubbiin namaa kan si miidhu yoo ati

eyyamteef qofa. Abrahaam Lonkoliin pirezidaantii Ameerikaa ta’ee yeroo

filatame muudamasaarratti haasaa taasisee erga xumuree booda namichi maatii sooressaa keessaa dhalate waamicha sana keessa jiru tokko Abrahaam Linkoliin akkas jedhe “Obbo Linkoliin abbaan kee maatii kootiif kophee hojjechaa akka ture hindagatin” jedhe.

Namootni afeerraa kana hirmaatan nina’an. Ni ajaa’ibsiifatanis. Abrahaam garuu ija namichaa keessa ilaaluun “Sirrii dha; abbaan koo maatii keetiif kophee hojjetaa tureera ta’a. Isaan qofaaf utuu hinta’in tarii as keessa namootni hedduun jiraachuu danda’u.

Sababiinsaa qophee bifa addaafi namni kamuu akkasaatti akka hojjechuu hindandeenyetti hojjeta ture. Ni uuma ture. Kophee qofa hinhojjetu; garuu of kennuun, ittiyaaduun nama hojjetu ture. Waan tokkon si gaafadha.

Kophee inni siif hojjeterratti mormii qabdaa? Sababiinsaa aniyyuu akka itti qophee hojjetan nan beeka. Yoo mormii kophee abbaan koo siif hojjeterratti qabaatte ani akka itti hojjetan beeka waan ta’eef siif nan hojjedha.

Garuu hanga ammaatti, hangan beekutti eenyu illee kophee abbaan koo hojjete irratti namni mormii qabaate hinjiru. Inni nama beekaa cimaadha. Anis baay’een ittiboona jedhe.” Kanarratti namoonni hunduu nicallisan, Abrahaam Linkoliin nama hubataa attamii akka ta’e, nama hojii abbaasaatti boonu, abbaansaa hojiisaa of eeggannoo cimaan akka hojjetu nama dubbatu akka ta’e; namni kamuu hojii abbaansaa hojjetutti akka mormii hindhiyeessin kan dubbate ta’uusaa ajaa’ibsiifatan.

Akka nama gadaanaatti akka of ilaaluuf waanti dubbatame isa miidhuu hindandeenye. Innis miidhaa kanaaf harka hinlaatne. Isa namootni nuun jedhan utuu hinta’in deebii nuti laannutu nu miidha. Isa namoonni jedhan ta’anii argamutus miidhaa qaba.

Tarii kanaan dura namni ati hindandeessu; dadhabaadhaafi kkf jedhamaa guddate ilaalcha ofiif qaburratti dhiibbaa guddaa fida. Keesumaa aadaa keenya keessatti hindandeessu nuun jechaa warri guddanne tarkaanfii keenyarratti dhiibbaa mataasaa danda’e qaba.

Dhiibbaa kana injifachuu kan danda’u ammoo nu qofa. Yeroo tokko waa’ee barataa mana barumsaa keessatti barattoota biraa wajjin walitti siqeenyaan hintaphanneefi hinoollee tokko ofii kootii carraa argadhee wajjin haasa’uuf yaalii godheera.

Barataan kun yeroo barattootni biraa wajjummaan haasa’aniifi taphatan irraa fagaatee dhaabata. Jireenyasaa keessattis abdii kutataafi gammachuu kan hinqabne, akka barattoota biroottis ofitti amanuun kan itti hindhagaa’amne ture.

Sababnisaa maatiinsaa yeroo isa guddisan akka inni nama hintaane ittihimaa waan turaniif kanarraa kan ka’e ilaalcha gadi aantummaa akka qabaatu isa taasise.

Ergan kana dhaga’ee booda ani immoo barataan kun nama dandeettii qabu; nama daree keessa jirurratti yoo geggeessummaa barattootaa kutaasaatii ta’ee kaa’ame nama geggeessuu danda’u; nama amala gaarii qabu

akka ta’en ittihime.

Kutaasaarrattis akka geggeessaa barattootaa ta’uuf nan kaa’e. Waggootii muraasa booda barataan kun ittaanaa pirezidaantii Yuniversiitii tokkoo ta’ee hojjechuu isaan arge. Umrii xiqqaatti bakka cimaa galee geggeessaa ta’e.

Waan hundumaa dura dhaabannee itti yaaduun barbaachisaadha. Maaltu ilaalcha nu’i ofiif qabnutti daangaa cimaa ta’ee jira? Lafa yaadnu akka hingeenyeef daangaa guddaa kan nutti ta’e maaltu jiraa? Daangaa kana mo’annee akka hindarbineef rakkoon jiru maalii? Isa kana of gaafachuun, of gaafachuu qofa utuu hinta’in daangaa kana cabsinee darbuun filannoo hinbarbaachisu.

Waan guddaa akka hin yaadne, akka fuula duratti hinhiixanne kan nutaasise kamuu cabsuu ni dandeenya. Daandeettii Waaqayyo nukeessa kaa’e dandeettii jijjiiramaa nu keessatti ukkaamsee hadoochee hambisuuf kan yaalu mara injifachuu nidandeenya.

Ilaalacha namootni waa’ee keenyaaf qaban; nutis ofii keenyaaf fakkii fokkisaa of suurree amannee teenye yeroo dhumaatiif haxoofnee balleessuudhaan ofiifis ta’e hojii hojjennuuf ilaalcha gaarii qabaachuutu nubarbaachisa.

Sababiinsaa ilaalchi gadaantummaa, jechi namaa akka qinqinii humna jijjiiramaa keessa keenya jiru irraa jalaan horsosseessee fixa. Nama dadhabaa akka fakkaannu, akkasittis of amansiisnee akka of ilaallu nu taasisa.

Yaada akkasii hatattamaan of keessaa haqnee balleessuu qabna. Hojii hojjechuu mallu kamuu amanamummaa, jabinaafi ittigaafatamummaa fudhannee hojjechuun barbaachisaadha.

Yaada gadaantummaa utuu hinta’in waa’ee keenya waan gaarii ofitti himuun gaariidha. Ilaalcha kufaa kanaan dura namoonnis ta’e nuti ofiif qabaachaa turre geeddaruu qabna. Faallaa isa kanaa yaaduu eegaluun barbaachisaadha.

Darbees jabaannee hojjechuun amala hojjetaan jabaan qabu horachuufi dorgamaa ta’uun isa nuti ofiif qabnus ta’e isa namootni nuuf qaban geeddaruun murteessaadha. Wantoota haaraa uumuun waa’ee keenyaaf ilaalcha gadaanaa namoota qabaata turanitti agarsiisuu; isa kana ammoo yoomiyyuu gaaffii keessa galchuu hinqabnu.

Namoonni waa’ee keenya ilaalchisee akka hindubbatne gochuu hindandeenyu, garuu isa dubbatame jijjiiruu nidandeenya. Wantoonni darbaniifi wanti nuti amma keessa jirru cimsee yoo nu qabellee haalota kanneen hunda gararraa ta’uun bakka jirrutti nama jijjiiramaa cimaa ta’uu dandeenya.

Yoo namni si’a dhibba tokko hindandeessu nuun jedhe abdii kutachuu hinqabnu. Si’a dhibba tokko akka nuti of ilaallu nu godha. Si’a kuma tokko immoo akka nuti of fooyyessinuuf karaa nuu bana.

Yeroo mormitootni nuceepha’an sodaachuu hinqabnu. Yeroo isaan harka sii rukutan sodaachuu qabna. Wantootni hedduun naannawa keenyatti ta’uu danda’a. Wanti nuti hin yaadinis nurrata’uu danda’a. Inni guddaan garuu isa nu keessatti ta’utu hundumaa mo’ata.

Yeroo rakkoowwan adda addaa duraa duubaan

dhufuun nutti hammaatan seesuu hinqabnu. Caalaatti hojii isa ittaanuuf nu jabeessee darba. Jireenyis ittifufa. Wal’aansoonis akkasuma.

Yeroo tokko intalatu wal’aansoon jireenyaa akka ishee nuffisiise dubbatti. Abbaanshees xuwwee sadii ibidda boba’urra kaa’ee yeroo bishaan danfuutti ka’u isa jalqabaa keessa dinnicha kaa’e, xuwwee lammaffaa keessa buphaa (killee) kaa’e, isa sadaffaatti immoo daakuu bunaa naqe.

Ittifufuun ibidda itti bobeesse. Intallis baay’ee obsa hanga dhabdutti abbaan ishee maal akka hojjetaa jiru gaafatte. Innis homaa tokkoyyuu itti himuu dide. Calliseedhuma itti bobeessee yeroo hundumtuu bilchaateera jedhee yaadetti irraa baase. Wantoonni ibiddarra oolan kunniin maali jedhee ishee gaafate. Isheenis dinnicha, buphaafi buna ta’uu ittihimte.

Mee tokko tokkoosaanii qaqqabadhuu ilaali jedheen. Isheenis yeroo qaqqabattee ilaaltu, dinnichi baay’ee lallaafeera. Buuphaa (killee) fuutee cabsitee yeroo ilaaltu inni keessisaa dura dhangala’aa ture amma cimaa ta’eera.

Bunas yeroo fuunfattu waan danfeef baay’ee kan namatti toluufi urgaa’uu ta’e. Sanaan booda akkas jedhee gaafate. Ati sadansaanii keessaa isa kami? Sadanuusaanii wanta walfakkaataatu isaan qunname.

Bishaan bulluqa keessa buufaman. Garuu sadanuusaanii bifaafi amaloota addaa addaa calaqqisiisan. Dinnichi cimaa ta’ee bulluqa seene. Achi keessatti garuu laafee ba’e. Buphaan laafaafi keessisaa dhangala’aa ta’e

seene garuu ibiddarraa cimaa ta’ee ba’e. Bunni immoo amala addaa agarsiise. Bishaan itti naqameyyuu ni jijjiire. Foolii gaarii akka qabaatu godhe.

Akkasuma rakkoon balbala kee yoo rurrukutu deebii ati laattu isa kami? Deebii dinnichi, buphaan ykn bunni bishaan keessatti kenne keessaa isa kami? Rakkinni yeroo dhufu si laaffisa moo si jabeessa?

Egaa namni bor jijjiirama fiduuf qophaa’u rakkoowwan gara garaa yeroo isa mudatu deebiin inni kennu murteessaadha. Isa kana gadi fageenyaan ittiyaaduun barbaachisaadha. Namni borii wantoota isa qunnaman hundumaan ni raafama, abdii kutata taanaan jijjiirama barbaachisaa fiduu hindanda’u.

Namni tokko barumsa ykn leenjii gaarii qabaatee ilaalcha gaarii ofiif hinqabu yoo ta’e, waan qabu kamuu hojiirra oolchuu hindanda’u.

Ilaalchi hamaan nuti ofiif qabnu beekumsa qabnu akka nu’i hojiiirra hinoolchine nu taasisa. Ofii keenya akka shakkaa jiraannu nu godha. Utuma barannee jirruu, utuma geggeessuu dandeenyuu, utuma hojjechuu dandeenyuu ilaalchi nu’i ofiif qabnu gadaanaa taanaan akka dadhabaatti nu jiraachisa.

Akka namaa gadiitti akka of ilaallu nu godha. Gammachuu keenya nu sarba. Wanta qabnutti hingammadnu. Barannee digrii qabnutti, bakka geggeessummaa jiraannee akka jijjiirama hinfidneef gufuu hamaadha. Namni boriif of qopheessu tokko duraan dursee isaan kana mo’achuu qaba.

Page 13: Qubattoota Sulultatti deggarsa · 2020. 8. 20. · Tattaaffiin kunimmoo karoora misooma magariisaa biyyattiin qabatte milkeessuurra ... Daa’immaniifi Dargaggootaa Oromiyaa ibse

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 6 Bara 2012 113Fuulli kun namoonni dinagdeedhaan

milkaa’aniifi dhimmoonni dinagdee kan irratti keessummeeffamuudha

ABBAA SA’AA

Osoo qonnaan bulaan umriisaa guutuu omishu motor saaykilii ykn doqdoqqee hinbitanne; faddaalli ykn dhaadhessaan/ faddaalli gaafa lafti qotamu hinbeekne, shunkurtiin dhaabamu quba hinqabne, qorichi biifamuufi aramamu daboo itti hinbaane guyyaa gurgurtaa qofa suufii uffatee dhufee abbaa itti ta’a.

Namtichi ittidadhabee geesse, yeroo dhaadhesichi/faddaaltichi gatii ittigurguramuu qaburratti murteessu taa’ee ilaaluun ala filannoo dhabee ofiisaafi waan ta’aa jirus taajjabe.

Jalqabaa hamma dhumaatti kophaasaa itti dhama’ee kan geesse abbaan qabeenyichaa, waan dhaadhesichi/faddaaltichiifi daldaltichi murteessan fudhachuu baannaan immoo rakkoon isa eeggatu salphaa miti.

Gatii isaan murteessaniin gurguruu dinnaan lagannaa ykn qoqobbii irra kaa’anii daldalaan tokkollee akka isarraa hinbinne ittimurteessu.

Qonnaan bulaan shira dhaadhessitoota/faddaaltotaafi daldaltootaa keessa gale jechuun immoo omishnisaa maasaarratti nama irraa kaasu dhabee tortoruuf deema jechuudha.

Kana jechuun immoo qonnaan bulaan waan qabu itti fixatee shunkurtaa sana geeffate kasaaree harka qullaa galuuf dirqama.

Gaafas erga omishatee gurguruu dhabuudhaan omishnisaa jalaa tortoree bade, lafumasaa sanuu nama biraatti (abbaa qabeenyaatti) gurguratee harka maratee taa’uuf dirqama jechuudha.

Kun immoo rakkoolee walxaxoo biraatiif isa saaxiluunsaa immoo waan hinoolleedha.

Shiraafi daba dhaadhessitoonni/faddaaltonni omishtoota kuduraafi muduraarratti raawwachaa jiran kana jalaa ba’uuf immoo filannoon isaan qaban tokkoofi tokko qofa. Innis iddoo jiranitti gurmaa’anii, omishasaanii bifa gurmuu qabuun gabaa barbaadanii ofiisaaniitiif dhiheessuudha.

Faayidaan waldaaleefi yuniyeenotaa irra jireessaan namni hubachuu danda’us nama rakkoo akkasii keessa darbeedha.

Kanaaf immoo fakkeenyi guddaan haala hundeeffama yuniyeenii waldaa kuduraafi mudura Maqii Baatuu ilaaluun qofti gahaa ta’a.

Miidhaa dhaadhessitoonni/faddaaltonni omishtootaafi qonnaan bultootarraan gahaa jiran ammas kan hindhaabbanne ta’uu kan himan Daarikterri Olaanaan Ejensii Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa Obbo Ahmad Sa’id, yeroo amma kudurri dhabame jedhamee gatiinsaa hedduu qaala’e kanattis qonnaan bulaan oyiruurratti gatii bushaadhaan gurguraa jiraachuu ibsa tibbana Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin ni eeru.

Qonnaan bulaan gatii xiqqaa ta’een daldaltootatti akka gurguratuufi erga magaalota guguddoo ga’ee booda gatii olaanaadhaan akka deebisanii gurguran gochuu keessatti shoorri olaanaan kan dhaadhessitootaa/faddaaltotaa ta’uus ni

Bayyanaa Ibraahimiin

dubbatu.

Akka ibsa Obbo Ahmaditti; qonnaan bulaafi gabaan kallattiidhaan osoo walhinargin fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneessuun ulfaataadha.

Omishtoonni dadhabbiisaaniirraa akka fayyadaman taasisuun kan danda’amu immoo, dhaadhessitoota gidduudhaa baasuudhaan qonnaan bulaan karaa gurmuusaatiin omishasaa kallaattiidhaan gabaadhaaf akka dhiheessu taasisuun dirqama.

Kanumarraa ka’uudhaanis dhiheenya kana Finfinneetti giddugaloota gabaa babal’isaa jirra jedhan.

Yeroo ammaa kanatti giddugalootni ykn bakki gurgurtaa gabaa omishaa qonnaa yuniyeenotafi federeeshinota waldaalee hojii gamtaatiif kutaalee shan keessatti hojii eegalaniiru.

Bakki gurgurtaa omisha qonnaa ykn giddugalli gabaa kun gurgurtaa omishaa qonnaa si’eessuu cinaatti, ittifayyadamtootaaf gatii madaalawaa ta’een kan dhiheessuufi kanaanis rakkoo qaala’iinsa gabaa tasgabbeessuu keessatti shoorri inni taphatu olaanaadha.

Waldaaleen giddugaloota kanneeniitti omishasaanii dhiheeffatanis kana hubatanii miseensotasaanii qofa fayyaduuf osoo hintaane, bulchiinsa magaala Finfinnee keessaattillee gabaa tasgabbeesuu akka kaayyoo tokkootti qabatanii hojii keessa galuu akka qabaniidha Obbo Ahmad kan dubbatan.

Bakki Gurguurtaa gabaa omishaa qonna hojii eegalan kunniinis kutaalee Magaalaa Aqaaqii Qaallittii, Eekkaa, Boolee Sammiit, Addis Katamaa, Araadaafi Nifaasilki Laaftootti yemmuu ta’u, dabalataanis kutaa magaalaa sadii keessatti yeroo dhiyootti giddugalootni walfakkaatan qophaa’anii tajaajila kan kennan ta’uu ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti; omishootni akka xaafii, qamadii, shumburaa, misiraafi kanneen biroo hedduu yeroo ammaa giddugaloota kanneenitti dhihaachaa kan jiru yemmuu ta’u, gatiinsaas kanneen iddoo biraatti dhihaatan irra fooyya’aafi madaalawaadha.

Kuduraafi mudurri daldaltootni karaa dhaadhessaa/faddaalaatiin bitanii gurguran

biratti heddu qaalii ta’es giddugaloota kanneen biratti gatii xiqqaadhaan fayyadamtootaaf dhihaachaa jira.

Akka fakeenyaatti yoo fudhanne paappaayyaan oyruurratti gatiin ittigutguramu qarshii afuri. Finfinnee ga’ee daldaltoota biroo biratti qarshii 25tti gurgurama. Gara giddugaloota waldaaleen kunniin itti dhiheessaniitti yemmuu dhufte garuu birrii 10 qofatti gurguramaa jira.

Kuduraafi muduraaleen biroos haaluma kanaan garaa garummaa gatii hedduu waan qabaniif tajaajilamtootni kana dursanii baruu qabu.

Iddoo gurgurtaa omishaa qopheessuu qofa osoo hintaane, barana haala adda ta’een omisha kuduraafi muduraatiif xiyyeeffannoon kenname olaanaa yemmuu ta’u, guddiftuu callaa qofaaf akka naannichaatti qarshii biiliyoona 13 ta’u ramadamuunis kanuma ragaa kan bahuudha.

Dhiheessiin guddiftuu callaas isa yeroo kaaniirraa haala adda ta’een barana dursee gala jira.

Xaa’oo omisha baranaatiif barbaachisu keessaa dhibbantaan 75 dursee bitamee galuudhaan qonnaan bulaadhaaf raabsamaa jira.

Bara kanaaf xaa’oon waliigalaan nu barbaachisu kuntaala miiliyeena 5.5 yemmuu ta’u, hanga ammaatti kan geejjibamee biyya keessa gale immoo kuntaala miiliyoona afuri.

Dambii liqii qonnaan bultootaa qopheessuun immoo hojiiwwan barana omishaafi omishtummaa dabaluun cinatti fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf hojjataman keessaa isa guddaadha.

Qajeelfamoonni dambiin kun ittiin raawwatamus qophaa’anii sadarkaa xumuraarra kan jiru yemmuu ta’u, kanaan booda qonnaan bulaanis akkuma warri magaalaa kaartaa manaafi wantoota biroo qabsiisee baankiirraa liqeeffatutti isaanis baankii liqeeffachuu akka danda’an haala kan mijeessuudha.

Kanaan dura qonnaan bulaa osoo xaa’oo, qoricha farra aramaa, sanyii filatamaa, qoricha farra ilbiisotaafi galteewwan qonnaa kanneen biroo fayyadamuu barbaadu rakkoo

maallaqaatiin fayyadamuu hafes kana booda waan fedhetti fayyadamee omishachuu akka danda’uufis qajeelfamichi carraa kan uumuudha.

Yeroo ammaa dandeettiin yuniyeenota waldaalee kanneenii sadarkaa dhaabbilee guguddoo kanneen akka daandii xiyyaaraa Itoophiyaatiif omisha kuduraafi muduraa dhiheessuurra ga’aniiru.

Dandeettii omishummaasaanii, raabsaafi waliinga’iinsasaanii dabaluuf immoo kallattiiwwan kaa’amaniifi deeggarsi gama mootummaatiin jiraachuu malu hundi ni taasifamaaf.

Yuniyeenotniifi waldaaleen hojii gamtaa kunniin faayidaa miseensotasaanii qofaaf osoo hintaane, gaafa biyyi rakkattes dursanii kan awwaatan ta’uu kanhiman Obbo Ahmad, weerara dhibee koronaa yeroo ammaa biyyattiis ta’e addunyaa mudate to’achuu keessatti shoorasaanii bahachaa kan jiran ta’uu ibsu.

Sochii ittisaafi to’annoo dhibee koronaa kana keessatti akka naannichaatti taasifamaa jiruuf qarshii miiliyoona 10 ol tola ooltummaadhaan kan arjooman yemmuu ta’u, deeggarsa meeshaalee garaa garaa qarshii miiliyoona lamaa olitti tilmaamamus gargaarsaan kennaniiru.

Yuniyeenotaafi waldaaleen hojii gamtaa kunniin adaduma humnaafi dandeettiisaanii cimsachaa adeemaniin faayidaa miseensotasaanii mirkaneessaa adeemuunis waan eegamuudha.

Wanti guddaan garuu, gaafa kudurri tokko gabaarratti mi’aawe dafanii irraa kaasaa, gaafa bushaa’emmoo irraa qoollifachuun waan hatattamaan sirraa’uu qabuudha.

Garaa garummaan gatii qonnaan bulaan omishasaa gabaatti ittiin gurguruufi daldalaan ittigurguratu gidduu jirus bal’aa waan ta’eef kunis dhiphachuu qaba.

Magaalaa tokko keessatti, omisha akaakuu tokkoorratti garaa garummaan qarshii 10 kiiloogirama tokkorratti jiraachuun sirrii hinta’u.

Giddugala gabaa kanaan jiraattonni Finfinneefi qonnaan bultoonni Oromiyaa kallatummaan fayyadamoo akka ta’an kan eeran ammoo Hogganaa Biiroo Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa, Obbo Dhaabaa Dabaleeti.

Hojiin qaamolee lameen fayyadu kun cimee akka ittifufuuf tattaaffii eegalamerratti xiyyeeffannaan hojjatama jedhaniiru. Kanaafis Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee deggarsa guddaa taasisaa jiraachuu dubbataniiru.

Federeeshiniin Waldaa Qonnaan Bultoota Oromiyaas jiddugalichi fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneessaa qaala’ina gabaas kan tasgabbeessuu ta’uudha kan ibse.

Hoggantuun Federeeshinii Waldaalee Hojii Gamtaa Qonnaa Oromiyaa Aadde Askabbarach Balaayneh akka jedhanitti omishni qonnaa jiddugala Magaalaan Finfinnee kenneef kanatti dhiyaachaa jiru keessumaa lammii galii gadaanaa argatuuf faayidaa guddaa kenna.

Giddugaloota gabaa omisha qonnaa Finfinnee fi abdii fayyadamummaa qonnaan bultoota Oromoo

Page 14: Qubattoota Sulultatti deggarsa · 2020. 8. 20. · Tattaaffiin kunimmoo karoora misooma magariisaa biyyattiin qabatte milkeessuurra ... Daa’immaniifi Dargaggootaa Oromiyaa ibse

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 6 Bara 2012 14ILAAMEE...

Waasihun Takileetiin

Dur dur qaalluu guddaa itti sagadantu ture jedhama, biitti hundi gamaa gamanaa walitti dhufee ittisagadaa ture, qaalluu

kana jala cabaan hedduu hundaa’eera.Cabaa jechuun dameelee (caasaalee dabalataa) qaalluu guddaa sana jala jiran jechuudha.Dameeleen qaalluu guddaa kunis mana sagadaa dhuunfaasaanii hanga sadarkaa gandaatti ijaarrachuun sagadaa ykn hordoftoota gara garaa horachaa turaniiru.Kun ta’us tajaajila amantoonni kunniin barbaadaniifi cabaaleen qaalluu guddaa kun kennan walsimataa ta’uu dhabuusaatiin kan godoo ijaarrate hundatti hinsagannu diddaan jedhu dhalate. Qalluuwwan godoo ijaarratan xixiqqaan kunneen faaydaa dhuunfaasaanii qaxxaamuraan argachuuf yoo ta’een ala tajaajila si’ataafi simataa hordoftoonni barbaadan laachuu keessatti gahumsa kan qabu hinturre.Kanarraa kan ka’e hawaasni kan isa fayyaduufi hinfayyadne adda baafadhu malee hinsagadu jedhee geeraraa ture.Dhimmi kun maaf ka’e jechuun hinoolu, hudhaan Oromoo har’aas kanuma fakkaata.Oromiyaan jaarraa tokkoofi walakkaa oliif fayyadamummaasaa mirkaneessuuf qabsoo hadhaahaa gara garaa taasisaa har’a gaheera, qabsoon finiinaa ittifufa malee hanga maniisaa tuqutti hindhumatu.Qabsoo hadhaa’aa inni gaggeessaa tureefi har’as itti jiru walqixxummaan, dimokraasiin, mirgi abbaa biyyummaasaa akka kabajamuufi.Kanaan dura hudhaaleen kunneen xiyyeeffannoo dhabuusaaniin harqoota gabrummaa boquu Oromoorratti fe’amee tureen qabeenyi, qe’een, eenyummaan Oromoo ukkaamfamaa tureera.Sirna gabroomfataa akkasii kana hundeedhaa buqqisuuf dadhabe osoo hinjedhiin qabsoofi wareegama hadhaa’aa gaggeessaa kan ture yoo ta’u, kaleessarra har’a wayya sadarkaa jedhurra gaheera. Kaleessarra har’a wayya jecha jedhu kana keessas hanqina jiru furuun qorqalbii Oromoo dhiibbaa sirnootaan jaamfamaa ture bakkatti deebisuuf dhaloonni haaraan kutannoon socho’aa jiran kumaatama.Warreen Oromoof natu beeka jedhan kunneen ajandaa siyaasaa gara garaa qabatanii warraaqsa adda addaa taasisaa kan jiran ta’us tajaajila siyaasaa dinagdee, hawaasummaa Oromoon barbaadu gadi fageenyaan beekuu laata? isa jedhu yoo ilaalle gaaffiidha.Paartiileen kunneen mootummaa aangoorra jiru dabalatee ajandaalee gara garaa qabachuun Oromoo siyaasaan, dinagdeen, hawaasummaan jijjiirra jechaa warraaqsa gaggeessaa turaniiru har’as ittuma jiru.Yaanni kun akkuma akkeessaa qaalluu guddaa hundi godoo ijaarratee faguu jalqabee sagadaan garatti citu dhabee rakkate sanaa Oromootti rakkoo ta’aa jiru.Oromoon paartii ololaan isa sobaa jiraatu osoon hintaane fedhiisaa kan eeguuf barbaada.Kaleessas hara’as ta’e boru Oromoo gara qabsoo diddaatti kan oofu maali jennee yoo ilaalle kan ummatichi barbaadu dhiisanii kan ofii barbaadan ittife’uuf yaaluudha.Yeroo ammaa isa barate mitiitii inni barnoota hinqabnellee waa’ee siyaasa dhokataa kamuu miciqsee kan beeku waan ta’eef fedhii ummatichaa adda baasaa deemuun barbaachisaadha.Oromoon qabsoof jecha yeroorraa yerootti

Eenyuuf sagannu laata?

aarsaa qaalii lubbuu kaffalaa deemuun sirrii waan hintaaneef paartiileen maqaa Oromootiin socho’an kan aangoorra jiru dabalatee jaalala lammiisaaniif kan dhaabannaan garaagarummaasaanii dhiphisuun barbaachisaadha.Kana mlees Oromoof natu beeka, natu caalaatti hojjeta kan jedhummoo filannoo haqaa gaggeeffamuun erga injifatee waadaa gale sana milkeessuu kan qabu yoo ta’u, waljifannaa paartiilee gidduutti mudatuun faayidaan ummatichaa miidhamuu hinqabu. Yeroo ammaatti waldhabiinsa paartiilee morkatoofi mootummaa gidduutti mudachaa jiruun wareegamni lammiilee kaleessaa dagatamaa jira, nageenyi dheebotamaa jira, lubbuun ba’aa jira. Walamantaan dhibaa jira. Mootummaan paartii morkataa, paartii morkataan mootummaa himachaa jira. Kunimmoo Oromoo dadhabsiisaa jira.Mootummaan aangoo waan qabateef waan fedhe hojjedha jedhee faallaa fedhii ummataa deemuun fagoo isa hintarkaanfachiisu.Paartiileen morkattootaas ga’umsa siyaasaatiin caalee argamuu osoo qabuu karaa qaxxaamuraatiin aangoo qabachuuf sochiin taasifamu eenyuunuu deeggarsa hinqabaatu.Inni guddaan aadaa dimokraasii gabbisuu, filannoo haqa qabeessa gaggeessuun kan injifatame bokkuu bulhiinsaa dabarsuun Oromiyaa misoomte ijaaruuf kaachuun furmaata qofagaleessa. Yeroo ammaatti rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessatti mudachaa jiruuf mootummaan morkattoota morkattoonnimmoo mootummaa komachaa jiru. Aministii Intarnaashinaal ibsa gama kanaan baaseen mootummaa aangoorra jiru komateera.Mootumman aangoorra jirummoo ibsa yeroowwan gara garaa dhimma kanarratti baaseen gabaasichi na hinibsu jechaa jira. Kana malees qindeessitoonni gabaasichaa paartiilee morkattootaati komii jedhu kaasaa kan jiran yoo ta’u waldhabdee gidduu kanatti mudachaa jiruun ammas Oromoon dhiigaa, hiraarfamaa, abbaa dhabaa akka turu taasifamaa jira.Rakkoo mana ofii keessatti mudachaa jiruuf ollaatti hdduu hidhatanii halagaa gaafachuun hiika waan hinqabneef walitti deebihanii garaagarummaa yaadaa mariin furaa deemuun barbaachisaadha.Dhumaatii kaleessa Oromoorratti qaqqabaa ture, hiraarsaa mana hidhaa, ajjeechaa suukanneessaa, qaama hir’achaa tureef sirna ADWU komachaa turameera.Har’a biiftuun dimokraasii bahaa jirti, Oromoon faayidaasaa kabachiifachaa jira, walqixxummaan sabaa mirkanaa’aa, nageenyi amansiisa dhufa jedhamee yeroo imalli eegalamuttimmoo ammas ajjeechaan, hiraarsi ittifufuun maaliifi, laata? Ummanni Oromoo saba isaaf hojjetu haqasaa

deebisu, mirgasaa kabachiisu olaantummaa seeraafi heeraa eegsisuuf malee akka kaleessaa kan isa dhiigsu hinbarbaadu.Kun ta’us hunduu godoo sagadaa ijaarratee ummaticha anaaf sagadi, natu siif farada jechaa dhiittaa mirgaa irraan gahuun, ajjeesuun, hiraarsuun dogoggora sirrachuu maluudha. Ummata kana ajjeechaanis ta’e hiraarsaan fixuu ykn qabsoosaa dhaabsisuu hindandahu.Ummanni Oromoos qabeenyasaarratti abbaummaasaa dhugoomsuu, walqixxummaa sabaatti amanuu, olaantummaa kamiifuu miira gadi jechuu kan hinkeessummeessine ta’uun ifatti beekamaadha.Kun ta’us isa ati jettu osoo hinntaane isa ani ykn ollaan siif jedhutu sifayyada miirri jedhu yoomiyyuu Oromoof hinliqimfamu. Paartiileen faayidaa dhuunfaakeesaa ofiif jettanii ummata kana hiraarsaafi hiyyuma gadheef saaxilaa jirtan of ilaaluu qabdu.Imaanaa ummata harkaa fuutan dhoksuun kan warra biraa Oromoorratti fe’uuf yaaluun, kan Oromoof yaadan fakkeessanii siran saamtuufi hattuu ijaaruuf adeemsi taasifamu eessaanuu nama hingahu.Waldhabdee paartiilee maqaa Oromootiin socho’an gidduutti mudatuun harka galchee sirna gabroomfataa kaleessaa deebisuuf kan kaatu kumaatama. Isaan kunis maqaa tokkummaa Itoophiyaatiin sirna hirkattummaa Fiwudaalizmii durii deebisuuf jilli kaatu hedduudha.Maqaa tokkummaafi jaalala biyyaatiin kaleessaaf dheengadda Oromoo saamaa saamsisaa, qe’eefi qabeenyasaarraa buqqisaa, eenyummaa sabichaa awwaalaa turaniiru.Hara’s qaawwa paartiilee Oromoo gidduutti uumamuun harka galchachuun harcaatota ilaalcha goobanummaa keessa jiraniin Oromiyaa diiguuf shira xaxuun Oromoo jilbeeffachiisuuf duulatti jiru. Isa kana dammaqanii ofirraa qolachuun barbaachisaadha.Yeroo obbolaan wallolutti kara deemaan dhufee isa kanatu sirriidha, dhugaa qaba jedhu maal kajeeleeti jedhanii irratti dammaquu barbaachisa.Piroofeeser Mararaa Guddinaa yeroo tokko dubbii dubbatan keessatti ormi gaafa sijeju, harka siif rukutu gammaduu dura dogoggora boru saba kee biratti sikomachiisu akka dubbatte barii dhaabadhuu of ilaali jedhan.Yaada kana gaafa ilaallu sirriidha. Ya marqaa si afuufuun silqimsuufi akkuma jedhamu gaafa ormi hamilee namaa kennu, namaaf kolfu, harka namaaf rukutu of eeggannoo godhachuun barbaachisaadha.Hojiin gaarii namni harka namaa rukuteef kan mul’atu osoo hintaane hojii qabatamaa lafarratti mul’atuufi ofii dhugaa bahuudha.Akkuma kan abbaarra beeku budaadha jedhamu ummanni Oromoo kan isaaf ta’u, isaaf malu, fala siyaasaa isa tarkaanfachiisu bareechee waan

beekuuf kan inni fedhe malee kan ormi fedhe fidanii ittife’uuf yaaluun fe’amuu fida.Uummatni kun kaleessa sirna saamtuun har’a sirna waljifatuufi koronaan wayita gaaga’amaa jirutti ajjeechaan, hidhaan, hiraarsi walwalitti qabatamee uumamaa jiru nama qaanessa, gaddisiisas.Saba guddaa sirna dimokraatawaa, Gadaadhaan guddate kana maqaa hinmalle ittimoggaasuun dirree misooma magariisaaf mijataa ta’e osoo qabuu dachee jeequmsi ittimaddu taasisuun dhalootaan abaaramaa akka hafan nama taasisa.Oromoon galaana jedhama. Eeyyee galaanarra kan caaluudha yoo jedhames ittixiqqaata.Ta’us miira faayidaa dhuunfaa namoota muraasaaf jecha galaanummaansaa hafee cittuu (haroo) akka taatu kan hojjetan tokko lama miti.Egaa warri dhiibbaa ormaatiin harqota gabrummaa Oromootti deebisuuf burjaaja’ummaan fiigaa jirtanis dammaqaa, sabni keessan maalittiifi eessa akka jiru ilaalaa, gaaffii Oromoon ittiwareegamaa ture meeqansaaniitu deebi’e jedhu ilaalaa.Ummatichi maal barbaada isa jedhu gadi bu’aa adda baasaa, milkeessuuf qofa osoo hintaane waliin hiriiraa, Oromummaan hojiin malee afaanfajeessaan kan argamu miti. Osoo maluu ilmaan haadha tokkoo ilaalchawwan gara garaa baatanii deemaniin golli Oromiyaa boora’uufi jeeqamuun maal jedhama?Yaanni kun akkuma ilmi abbaan dhalche kan abbaa dhaaluufi caalu malee kan abbaa dhaanu ta’uu hinqabu isa jedhu nama yaadachiisa.Ilmi abbaatti bahuu dhabee kara deemaadhaan dhaanamaafi dhaalamaa deemuunsaa kan isa aarse abbaan ykn deebisanii of hindhalchan. Takkaanimmoo horiidhaayii gurguranii hingeeddaranii yaa Rabbi kana maal godhu atumti qalbii itti naaf hori jedhe sanaati. Egaa mootummaanis ta’e morkattoonni Oromoof natu beeka jechaa jirtan kan ofii feetaniifi ormi kana isinii wayya jedhe dhiisaatii kan Oromoon fedhu hojjechuuf kan inni jibbu irraa fagaachuun dirqama keessani.Ta’uu baannaan akkuma kaleessaa afanafajeessaa sobaan harqoota gabrummaa sirni Fiwudaalizmii barootaaf boquu sabootaafi sablammiileerratti fe’aa ture Oromootti deebisuuf yaaliin jiru ammuma maseenuu qaba.Walumaagalatti Oromoon paartii dhugaafi haqasaa eegsisuuf dhaabate kan qubasaatiin filateefi faayidaasaa eegsisuufii qofa kan barbaadu waan ta’eef godoo sagal ijaartanii natu siif farada, natu siif beeka jechaa warri ummaticha burjaajessuuf yaaltan deebi’aa. Egaa jaarraa 21fa kana keessa ilma abbaa dhaalu, kan abbaas caalu, malee kan abbaa dhaanu ta’anii argamuun ilaalcha goobantummaa kittaanamuu qabuudha.Gadaan dimokraasiifi misoomaa ummata Oromoof.

Page 15: Qubattoota Sulultatti deggarsa · 2020. 8. 20. · Tattaaffiin kunimmoo karoora misooma magariisaa biyyattiin qabatte milkeessuurra ... Daa’immaniifi Dargaggootaa Oromiyaa ibse

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 6 Bara 201215

YAADA BILISAA Hamiltan AbdulaaziizAfaaniifi Gaazexeessummaadhaan Yunivarsiisii Finfinneerraa

digrii jalqabaa qaba. Wayita ammaa dhunfaadhaan hojjataa jiru

Galgalli ulfina hinqabu…Ashamaa!Jirra jirtuu warri Bariisaa?Hardhaafis waanan taajjabe guduunfadhee dhufeeraa as siqaa. Egaa gabaan taajjabbii gidduu kanaa wantonni hundi gatiinsaanii garmalee olka'ee jira. Waanuma beektan deebisee isinitti hima silaafuu. Gabaan siyaasaa, kan sanyummaa, kan koronaa…hunduu qaala'eera. Kan torbee dura diijiitii tokkoon himamaa ture diijiitii lamaafi sadihitti ol siqeera. Baay’inni lammiilee dhibee koronaatiin qabamanii kan duraan mana dhibbaatii gadiin dhageenyu amma dachaadhaan ol dabalee mana dhibba lamaafi sadihiitiin himamuu erga jalqabee torban dabarteerra. Duuti sababa jeequmsa siyaasaafi waldhabdeewwan garagaraatiin guyyaa guyyaatti lubbuu namaarra gahaa jiru akkuma salphaatti asiifi achittis inuma dhagahama. Kanarraanuu duulli Maqaballeessiifi walhammeessuu keessumaa miidiyaa hawaasaatiin hafarfamu koronaa caalaa yaaddessaa ta'eera. Nageenyi bu’uura waa hundaa ta'e akkuma salphaatti boora'ee bahanii galuun huuba qoonqoo namatti ta’eera. Kana torbee darbe hamma tokko waldura qabneerra amma isa keessa hindeebi’u.Hardha kanan manaa baheef waa'ee warra Maqalee tokkotu qalbii na butee maanguddoota achitti kooluu galan sana xinnoo hamachuu barbaade na faana turaa adaraa. Akkuman mataduree jalatti tuquuf yaale warri keenya jaarsa galgala afaan qabrii taa'ee waa fayyisuurra waa diigu, araara caalaa jibba labsu, ganamaa galagala hokkara kaasu gaafa argan “Galgalli Ulfina Hinqabu” jedhanii ittiin mammaaku. Jarri kun waggoota 27 guutuu dararaa meeqa akka nurraan gahaa turan silaafuu isinitti hinhimu, walumaan waan taane taane. Galaanni qabsoo cunqurfamaa gonfa waggoota hammasiitiif dhuunfatanirraa fonqolchee hamma gaafa Maqaleetti isaan galcheetti waa tarkaanfii jibba dhala namummaa jedhamu hunda nu dhandhamsiisaa turan. Dhugaan Waaqaa ammoo dabareeshii eeggattee gaafa dhuftu Masaraan kan keenya taate. Isaanis qe'ee warrasaanii kan gaafa bal'inaa hinyaadatinitti baqatan. Harki hanna bare qurciitu munyuuqa akkuma jedhan galgala dullumaatiinillee gochoota badii baroota kurna sadihiif muuxaneeffatan hinirraanfanne. Inumaa tooftaa gegeeddaruudhaan hunda biyyaa taa'anii kiyya goolu. Hafuura bilisummaafi dimokraasii waa xinnoo argine deebisanii nutti dukkaneessuuf dhagaan isaan hinfonqolchine hinjiru. Kan danda'an ufiisaanii itti hirmaachuun bakka dadhabanitti ammoo ergamtoota isaan fakkaatan qabeenya ummataa bara aangoosaaniitti saamaniin bitanii hiriirsuun balaa biyyattiitti waggoota lamaan kana argaa jirru kallattiidhaan omishanii gurguruurratti bobba’aniiru.Siyaasa dadhabaa kaleessa Oromoo ittiin afaan faajjessan keessaa tokko Oromummaadhuma qabsaa’ota Oromoo shakkisiisuudhaan “Abalu Oromoodha, abalu Oromoo miti” sirba jettu sirbu hardhallee. Isa kana nus yeroo baay’ee akka gatii salphaan irraa bitnu waan beekaniif

isiirratti deddeebi’anii dibbee rukutu.Fakkeenyaaf haasaa pirezidaantiin MNO duraanii kabajamoo, Obbo Abbaan Duulaa Gammadaa Televiziyoona Asraat wajjin taasisanirratti ifatti kaasaniiru. Akkana jechuunis ibsaniiru"Siyaasa Oromoo keessatti kan baratame maqaa walballeessuudha. Anaan waggaa heddu Oromoo miti naan jechaa turan, anis lakkii an Oromoodha jedhee ololaaf deebii hinkennine, hojuma Oromoo fayyadu hojjachuun ittifufe. Warri ati Oromoo miti naan jedhan ofiisaaniitiin sanyii Taaddasa Birruu jedhanii fokkoru. Kolfeen dhiisa, Jeneraal Taaddasaa Birruu naa caalaa hinbeekan, Taaddeen anaaf fira dhiigaati. Har’as Doktar Abiyyiin Oromoo miti jechaanii jiru. Ani abbaafi haadha Abbiyyi sirriittin beeka, qe’eesaanii hanga Bashaashaa yeroo baay'ee deemeera. Siyaasni Oromoo kana keessaa bahu qaba" jedhan.Egaa qilleensi siyaasaa keessumaa dhufaatii koronaatiin walqabatee filannoon baranaa akka achi dheeratu kallattiidhuma murtaa'een kaampii morkattootaa biratti aarii uumuunsaa ni yaadanna. Kun ifatti heera cabsuufi seeraa ala jechuudhaanis yeroo himatan ni dhageenya. Qaamni badhaadhinaa, aangoo uf harkaa qabus qaawwa heeraa uumamuu malu gamanumaan duuchee ijaarsi sirna dimokraasiifi cehumsi waliigalaa ummati biyya keenyaa barbaadu akka dhugoomu dubbii heera hiikuu xiyyeeffannoo olaanaadhaan itti deemaa turuusaa ni yaadanna. Sochiin kun hanqina wahiituu hinqabu jedhamuu baatullee bu'uuraan garuu duuchumatti kan balaaleffatamu hinturre. Egaa yoo yaadanne gabrummaafi roorroon bara Wayyaanee nurra gahaa turellee heeruma jala daheeffachuun akka ture waan wal nama gaafachiisuu miti. Kabajamuu mirgoota dimokraasiifi namoomaa keenyaaf danqaaleen heera keessatti hadhaba taa'anii bara baraan nu luuccessan hundeerraa sakkatta'amuu qabu. Sakatta’amaniis akkaataa walqixxummaafi walabummaa sabootaafi sablammoota biyyattii bifa furmisiisaa ta’een furuu danda’anirratti hiikkaa heeraa argachuu qabu.Hujiin kun abbummaadhaan kan Mana Maree Federeeshinii akka ta’e beekamaadha. Manneen maree biyyattiin qabdu keessaa manni marichaa isa hangafa. Warri Faranjii mana olaanaa jedhuun “Upper House” isa jedhamu jechuudha. Kana malees mana maree sabootaafi sabalammootaas jedhamee waamama. Abbaan aangoo biyyattii sabootaafi sablammoota biyyattii ta'uusaa seensi heera mootummaa Rippaabiliika Federaalawaa Dimokraatawaa Itoophiyaa ifatti kaa'eera.Kun kanaan otoo jiruu dhibee koronaatiin walqabatee filannoon baranaa akka darbu kallattii Boordiin Filannoo Biyyoolessaa dabarseen manneen maree biyyattii lameen dhuma dabareesaanii booda caaseffamni mootummaa maal ta’uu qaba falmii jedhuuf deebiin gamanumaa kennamuu waan qabuuf furmaanni waytaawaan Kanaaf laatame dubbii hiika heeraa ture.Manni maree Federeeshinii bu’uura seeraa aangoon laatameefiin qophii hiika

heera mootummaa hayyoota biyyattii hirmaachisuun erga xumuree miseensota manichaatiif dhiheessuuf gaafa jalabultii irra gahu garuu oduun rifaasisaan tokko dhagahame. Afyaa'iin mana maree federeeshinichaa Aadde Keeriyaa Ibraahim fedhasaaniitiin aangoo gad lakkisuusaanii tv maatiisaaniitiin ifoomsan.Gaafa kana maanguddoonni Maqalee jiran hojiisaaniirra akka jiran namuu dudubbate. Maanguddooti ‘TPLF’ laphee araaraaf ta'u akka hinqabne beekamaadha. Biyyi duraan akka raasaa gugsaa keessa burraaqan itti dhiphattee erga gara qe'ee warrasaaniitti galanii kaasee dhalattoota naannoo Tigraay kan sabootaafi sablammoota biyyattii biroo waliin obbolummaa cimsachuufi waliin jireenya gabbifachuu barbaadanirratti duulanii kaampiisaaniitti akka galan karaalee hundaan dhiibbaa guchaa turuusaanii addunyaan guutuun bareera. Aadde Keeriyaat tarii dhalattuu sabichaa shira jaarsolii kanaatiin butamanii ummata Tigraay ummattoota Itoophiyaa kanneen hafan irraa fottoqsuuf taasifamu keessaa isaan dhumaa ta’uu hin oolle. Hamma murtee rifaasisaa kana isayyuu seeraa fi heera kan hin hordofin kana labsanitti humana jijjiiramaa gamasii jiran ta’uudhaan beekamu ture. Garuu qolaan diigumsaa galgala keessa isaan butee kuffise. Wanti dogoggorame murteensaanii baabura cehumsaa dhaabsisuun fedhii aangoo jaarsolii qe'eesaanii ni deebisa jedhanii yaaduusaaniiti.Mee namni aangoo biyyattii olaanaa irra jiru aangoo gad lakkisuusaa haala kamiin miidiyaalee biyyattii dhiisee kan naannoo Tigraay qofaan labsa? Muudamaan aangoo mootummaa ol'aanaan tokko gaafa aangoo fedhasaatiin gad lakkisuu barbaadu seerri ifatti tartiibaan taa'e osoo jiruu haala kamiin akkuma barbaade ol ka’ee aangoo gad lakkisuusaa labsa? Wanti kun ija seeraatiin akkamitti fudhatama?Gaaffiileen koo ammaf haa turaniitii murteefi shira kana duubaan harki maanguddoota Maqalee akka keesaa jiru ifa galaa dha. Namooti yakka dhala namaa irraan gahaniifi harkasaanii dhiiga lammiilee miskiinaa miiliyoonotaatiin dhiqachaa turan durumaa itti gaafatamummaa seeraatti dhiheeffamuu dhabuunsaa dogongora guddaa akka ta’e natti mul’ata. Yakka darbeef dhiifamaan callifamanii irra darbamuunsaanii mootummaa biyyattii akka gowwummaatti, isaan ammoo akka abshaala addunyaatti akka fudhataman waan taasise fakkaata.

Kana booda garuu haala kanaan ittifufuun waan danda'amu miti.Afyaa'iin Mana Maree Federeeshinii Itoophiyaa Aadde Keeriyaa Ibiraahim aangooshee gadi lakkisuu ibsiteetti. Qondaalli ‘TPLF’ kun guyyaa har'aa yeroo kana, akkuma manni maree dhuma bajata waggaatti walgahee ka'een aangooshee gadi lakkisuu ibsuun kun waan warri Wayyaanee marti itti waliigalaniifi ittiyaadamee murtaa'e fakkaata. Egaa haala amma deemaa jiruun, Filannoo dhufutti paartiin badhaadhinaa yoo mo'e sagaleen warri ‘TPLF’ siyaasa biyyattii keessatti dhiibbaa uumuu akka hindandeenye ni beeku. Akkaataa Paartiin Badhaadhinaa itti mo'uu danda'a jedhanii fudhatan immoo isaantu beeka. Sirni ADWUI waan diigameef kan duraan sagaleen dhaabbilee walitti dhufanii addicha uuman afran mata mataatti dhageetti walqixa kan qaban sun diigameera. Dhageettiifi bakka bu'insi federaala keessatti jiraatus baay'ina ummata bakka bu'anii kan bu'uureffatu waan jedhameefis ‘TPLF’ dhageettii akka hinarganne godhaa deema. Sagaleen dhaabbilee Federaalaa keessattis gara hirtaa uummata isaan bakka bu'aniitti gadi jala deebi'a jechuudha. Sana jechuun uummanni Tigray biyya kana keessatti dhibbantaa jaha qofa yoo ta'eefi ‘TPLF’ naannichatti otuma dhibbaa dhibbatti injifateellee, bakka bu'iinsi dhaabichi mootummaa federaalaa keessatti qabu, kan inni paarlaamaa, mana maree ministeerotaatiif qabaatu gara hanga ummata bakka bu'anii (%6) qofa ta'a jechuudha. Kana waan beekaniif ijaarsiifi deemsi Paartii Badhaadhinaa kun tasa akka isaan hinfayyadne hubataniiru. Kanaafuu, deemsisaanii ammaa karaa danda'an hundaanuu sirni badhaadhinaa kuni akka baduuf ifaajuudha. Sana gochuuf immoo Fulbaana 30 booda mootummaan seera-qabeessi hinjiru jechuun humnaan angoo qabachuuf lolatti seenuu danda'u ykn federaala keessaa of baastee naannoon koo akka biyyaatti akka naa beekamu jedhanii gaafachuu malu. Kanaafis dhaabbilee ishee waliin hiriiran qabattee deggarsa gochuun gara mootummaa Federaalaa waraanatti seenuu malu. Amma kan mul'achaa jirus kanuma.Rakkoon amma mootummaa ykn biyya kana mudachaa jiru, hanqina sirnaa, kan seeraafi heera biyyattiin qabdu irraa kan madde miti. Akka bal'inaan odeeffamaa ture sana rakkoo waliin jireenyaafi haala haawaasa biyyattii irraas kan madde miti. Rakkoon kun kufaatii mootummaa Wayyaanee hordofee kan dhufeedha. Keessumattuu hanqinaafi kufaatii dhaabbilee siyaasaa naannoo keenyaa waan irraa eegamu bahachuu dadhabuu irraati. Rakkoo jalqaba waan irratti walii galaniifi gaaffii uummataa haala kanaan deebisna jedhanii kan waadaa galan hojiitti hiikuu dadhabuu isaaniiti. Kana irra deebi'anii of qoratanii, walqoratanii yoo deebii hatattamaa hinkennine biyya kanattillee balaa dhufuu malurraa baraaruun daran ulfaata. Horaa BulaaTorbaniin nu haa gahu.

Aadde Keeriyaat tarii dhalattuu sabichaa shira

jaarsolii kanaatiin butamanii ...

Page 16: Qubattoota Sulultatti deggarsa · 2020. 8. 20. · Tattaaffiin kunimmoo karoora misooma magariisaa biyyattiin qabatte milkeessuurra ... Daa’immaniifi Dargaggootaa Oromiyaa ibse

SEENAAObbo Alamaayyoo HayileeHayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

16

Guddinni dinagdeefi jijjiiramni omishaa guddachaa yoo deemu jijjiirama hawaas dinagdee fiduun hinoolu. Haaluma kanaan hawaasa Oromoo keessattis yeroodhaa gara yerootti jijjiiramni mootummaa abbaa irree mul’achaa dhufee ture.

Bulchiinsi sirna Gadaa iddoowwan adda addaafi yeroo gara garaatti kufaafi ka’aa turuun boodarra iddoowwan baay’eetti gara mootumma namtokkeetti guddachaa dhufe.

Kunis yeroo duraatiif Oromoo gara Giddugalaa/Tuulamaa keessatti “Yeeshawaa Sulxaaneet” jedhamuun kan of ijaare yoo ta’u, kunis wiirtuusaanii Willeellee (Shawaa Kaabaa) kan godhatan Oromoota Warjiitiin kan durfamuufi seeraa Gadaa dhiisuun seeraa Shariyaatiin buluun yerootti eegalameedha.

Gareen Oromoota Warjii barsiisaasaanii Makzumiin hogganamu kun bara 896/7-1270 waggoota 390 caalaaf turuunsaa ni beekama. Achuma Tuulamaa gara kaabaatti gareen Oromoo Karrayyuufi Jiillee Argobbaa jedhamuun (Araba gubbaa) Mootummaa Ifaat hundeessee ture. Kufaatii mootummaa warra Musliimaa kana boodas gareen Kiristaanaas iddoosaanii fudhachuun lafa Oromoofi ummata Oromoo keessatti of gurmmeessuun sirna Gadaa laaffisuun mootummaa namtokkee ijaaruu ittifufe.

Oromoon Gadaan jiraatus iddoowwan baay’eetti sirni Gadaa ciccituun otoo jiraatu dhuma jaarraa 18fa keessa mootummaan namtokkee Shanan Gibeefi mootummoonni Leeqaafi Horroo Guduruu Maccaa keessatti cimanii ba’uu qaban.

Mootummaan Sirna Gadaa dadhabaa deemnaan mootummaan namtokkee ykn Fiwudaalotaa jabaachaa dhufe. Kunis jijjiirama hawaas dinagdee Oromoo jijjiiraa dhufe keessatti gareen aangoo ummataa of harkatti qabatee naannoosaa bulchu mul’achaa dhufe. Jarreen kunis Qoroo, abbootii Malkaa, abbootii Biyyaafi kkf jedhamuun beekamu.

Maccaa gara dhiyaa keessattis akkuma mootummaa Shanan Gibeefi Iluu san mootummoonni Guduruu, Leeqaa Qeellemiifi Leeqaa Naqamtee hundeeffamuu qaban. Hundeeffama mootummaa Oromoo Maccaa jaarraa 19fa keessa turanitti otuu hinseeniin dura mootota bara giddugalaa yoo ilaallu seenaa Daamotaa baroota giddugaleessaa hubachuufi sirna konfedereeshinii bulchiinsa Gadaa xiinxaluun dirqama.

Seenaa Oromoo Daamotaa keessatti Mootoleen beekamoo turan Mootii Morkaa Kittaafi (Ca.1296-1392) Mootii Lammiidha. Mootoleen kunniinis biyya Oromoo Maccaafi Tuulamaa malkaa Abbayyaa gamaafi gamanaa kaasee hanga malkaa Awaash gahutti bulchaniiru jedhama. Akka barreeffama Tirimingihamiifi Taaddasaa Taammiraatitti Daamotaan mootummaa bara giddugaleessaa amantiilee Kiristaanaafi Islaamaa kan mormaa tureedha.

Garuu barreessitoonni kunniin Daamotaan

Jijjiirama hawaas dinagdeefi hundeeffama mootummoota Oromoo Maccaa

gosa Oromoo ta’uusaa hinibsine. Gosni Oromoo Daamotaa Shawaa Kaabaafi Shawaa Lixaa, Wallaggaafi Goojjam keessa jiraachuusaanii ragaaleen ni ibsu.

Kanaaf Oromoo Maccaaf aadaan yookaan sirni mootummaa waan haaraa miti. Sirna Mootummaa itti jiraatee hubate gara Sirna Gadaatti aadaa bulchiinsaa waan guddiseedha malee jaarraa 19fa keessa kan jijjiiramee Sirna Gadaarraa gara bulchiinsa Mootiitti ce’e miti.

Armaan dura gosoonni Oromoo hedduun bulchiinsa konfedereeshiniitiin akka of bulchaa turan ibsineerra. Adeemsa guddina ummataa keessatti konfedereeshiniin baay’achaa deemuun immoo walitti dhufeenya Oromoorratti dhiibbaa akka fide himama.

Haaluma kanaan konfedereeshinoota keessatti suuta suutaan sirni mootummaa bulchiinsa Sirna Gadaa bakka bu’eera. Kunis Macca keessatti mootoleen hedduun akka uumamaniif sababa ta’eera. Oromoo Maccaa keessatti keessattuu Jaawwii, Leeqaa, Gibeefi Iluu Abbaa Boor keessatti mootolee hedduutu sirna Gadaa cabsee aangoo bulchiinsa namtokkee dhuunfate. Kutaa kana keessatti mootolee kanneen akka fakkeenyaatti seenaa siyaasa Oromoo jaarraa 19fa waliin sakatta’uun kan ilaallu ta’a.

Jaawwii: Oromoon Jaawwii dameee Oromoo Maccaa sulula Mormor Kibbaafi Kaabaa jiraatuudha. Teessumni lafa Oromoo Jaawwii jireenya namaafi hojii qonnaaf daran mijataadha. Haalli qubsuma Oromoo Jaawwii kallattii hedduun humnoota adda addaatiif saaxilamaa ture.

Kanaafuu diinarraa of tiksuufis ta’e fedhii dhuunfaaf sirni mootii akka hundaa’u haala mijeesseera. Mootummoota uumaman keessaa kan akka Mootummaa Guduruu, Abiishee Garbaa, Odaa Jimmaafi kanneen biroo eeruun ni danda’ama.

Guduruu: Naannoon laga Mormor (Abbayyaa) Kaabaafi Kibbi bakka Oromoon yeroo dheeraaf jiraachaa tureedha jedhama. Isaanis gosa Oromoo Maccaa ta’anii maqaa Jaawwiitii jedhamuun beekamu.

Jireenya hawaasummaafi dinagdee keessatti hariiroo Oromoon Maccaa hortee Kuush keessattuu Agawu waliin Goojjam keessatti qabu hawaasa eenyummaansaa walxaxaa ta’e uumeera. Kunis gaaffii Goojjameen Amaara moo makaa Oromoofi Agawu isa jedhu deebisuuf rakkisaa taasiseera.

Hiddi dhaloota Walloofi Goojjamee yoo lakkaa’ame Oromoo of keessaa qaba. Garuu dhimma siyaasaatiif eenyummaansaanii Amaara taasifame. Dhimmi ka’umsa barreeffama kanaa hidda dhaloota Goojjamee qorachuu utuu hinta’iin hariiroo ummattoota Mormor kaabaafi kibbaa keessatti akkaataa ittiin bulchiinsi Sirni Gadaa sirna mootummaatiin bakka bu’e sakatta’uufi.

Kunis bu’aa seenaa mootummaa Daamot, hariiroo Oromoon Maccaa Mootolee Gondor waliin qabu keessatti ilaalama. Akkuma armaan dura ilaalle sirni mootummaa aadaa siyaasa Oromoo keessatti haaraa miti. Seenaa keessatti sirni mootummaafi sirni dimokraasii waljijjiiraa akka turan hubanna.

Naannoo laga Abbayyaa kaabaafi kibbattis jaarraa 16fa duraafi booda kan raawwatane seenaadhuma walfakkaatuudha. Kunis seenaa mootummaa Daamotaa, mootummaa Guduruu, mootummaa Goojjam, Gamaa Mooraa (Guduru), Abiishee Garbaa, Odaa Jimmaafi kan biroo nu yaadachiisa.

Mootummaa Guduruu ilaalchisee gabaasa jalqabaa kan kennan Luba Abbaa Maasiyaas jedhamu. Isaanis Luba Amantii Kiristaanaa Kaatolikii yoo ta’an, bara bulchiinsa Mootii Susiniyoos booda Kaatolikoonni Gondor keessaa gara Tigraayiifi Mitsuwaatti yoo baqatan Lubni kun gara Guduruutti baqateera.

Guduruttis simannaan waan taasifameef lubni kun hojii wangeelaa yeroo dheeraaf hojjateera. Jalqaba bara 1840 keessa yeroo Abuna Maasiyaasiifi maamiltoonni isaan waliin Guduruutti cehan Oromoon Guduruu sirna Gadaan bulaa ture. Yeroo sana Torban Guduruu keessaa sooressa qabeenya midhaaniifi horii baay’ee qabu Gultii Shuumii jedhamu tokkutu ture.

Innis qabeenya waan qabuuf sirna Gadaa guutummaatti hincabsiin malee toora sirna mootii gaggeessaa ture. Qabeenyi inni qabu qofti mootii isa taasiseera. Ilmi nama kanaa Awweetu jedhamu yeroo Lubni kun dhufu dhukkubsataa ture. Haala kana keessatti sooressichi gorsa Luba Maasiyaasiifi D’Abbaadi’e argate. Ilmisaas amantii Kaatolikii fudhatee du’a jalaa akka oole himama.

Torban Guduruu keessatti yeroo Mootii Gultii Shuumii morkataa kan ture immoo ilma guddifataan gara Torban Guduruutti dhufe Gamaa Mooraa nama ture. Haata’u malee, guddisni kun kan gaggeessame eenyuun akka ta’e wanti ifa ta’e hinjiru. Walmorkiin mootii Gamaa Mooraafi Shuumii gidduutti ture nagaan kan xumurame fakkaata malee suuta suutaan olaantummaan Gamaa Mooraa calaqqisaa deeme.

Sababni isaas Gamaa Mooraan ummataafi humna waraanaa isaa biratti fudhatama guddaa argateera. Haala kanaan Gamaa Mooraas Mootii Guduruu beekaafi jaalatamaa turedha.

Innis qawwee hedduu daldaltootaafi namoota biyya ollaa irraa dhufan waan walitti qabateef Guduru keessatti tuuta waraanaa amantii Kaatolikiif waardiyyaa ta’e tokko gurmeessuu danda’era. Kanaafis aangoon Gamaa Mooraa irra cimaa dhufee Torban Guduruu akka tokko ta’an yeroodhaaf haala mijeessee ture.

Ittifufa….

Kutaa 1fa

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 6 Bara 2012

Gamaa Mooraa

Page 17: Qubattoota Sulultatti deggarsa · 2020. 8. 20. · Tattaaffiin kunimmoo karoora misooma magariisaa biyyattiin qabatte milkeessuurra ... Daa’immaniifi Dargaggootaa Oromiyaa ibse

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 6 Bara 201217

YAADA BILISAA

Dachaasaa Roorrootiin

Torbeen kun waan haaraa tokko tokko nu dhageessiseera. Inni tokko Ministirri Muummee Mootummaa Federaalawaa Rippublika Xoobbiyaa, Doktar Abiyyi Ahmad mana maree bakka bu’ootaatti argamuudhaan gaaffii bakka bu’oonni ummataa kaasaniif deebii kennuusaaniiti. Inni lammaffaafi achuma, Araat Kiilootti Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii, Aadde Keeriyaa Ibraahiim fedhiisaaniitiin aangoo qaban gadi lakkisuu ifa taasisuusaaniiti. Dubbii sadeessoon borumtaa afyaa’iin mootummaa komachuudhaan, aangoo gadilakkisanitti Manni Maree Federeeshinii Xoobbiyaa yaa’ii taa’ee dhimma filannoo biyyattiirratti mari’atee murtii kennuusaati. Dubbii cimtuun afraffammoo hidha haaromsaa biyya keenyaa ilaallata. Atakaaroo nuffisiisaa booda biyyoonni sadeen dhimmi ilaallatu, Xoobbiyyaa, Ijibtiifi Sudaan, bakka taajjabdoonni Ameerikaafi Afrikaa Kibbaa jiranitti walitti deebi’anii marii jalqabuusaaniiti; konfiransii viidiyootiin. Kanaaf torbeen darbe kun torbee haalli siyaasaa biyya kanaa teempireechariinsaa olka’eefi ummanni gara dhimmoota kanatti gurra akka qabu hawwateedha jechuun ni danda’ama. Dhimmoonni kunniin dhimma dinagdeefi hawaasummaa kan haammatan ta’anillee siyaasa biyya keessaafi siyaasa biyyaa alaa kan of keessaa qabaniidha. Kuun kan keessoo keenyaa ta’ullee siyaasni bishaanii biyyoota sadeen jidduu jiru kan baroota hedduu lakkoofsiseedha. Yeroo dhihoo asimmoo ammuma Xoobbiyaan hidha kana xumuruuf tattaafatu caalmaadhaan Ijibti hojii kana danquuf yoo tattaafatu Sudaanimmoo bakki dhaabattu jalaa waldhahee xawalwaalaa jirti; miila tokkoon Kaayiroorra miila biraatiin Finfinneerra dhaabattee. Dhimmoonni hedduun jiraatanillee altokko hundarratti yaada kennuun rakkisaadha. Kanaaf kaan yeroo biraatti dabarfadhee dubbii ministirri muummeen paarlaamaarratti kaasan kanneen ijoo ta’an irratti xiyyeeffadhee yaada koo balballoomsa. Akka hubannoo kootti, dubbiiwwan ijoon paarlaamaan ministira muummeef kaasan; dhimmoota hidha haaromsaa laga Abbayyaa; haala dhibee vaayirasii koronaa tatamsa’inasaafi ittisasaa, haala dinagdee biyyattii, Filannoofi gabaasa dhaabbata mirgoota dhala namaa kan ta’e, Ameenistii intarnaashinaaliiti. Hidhi Guddichi Haaromsaa Xoobbiyaa, kan daangaa Sudaanirraa kiiloo meetira 15 irratti argamu Bitootessa 24 bara 2003 bu’uurrisaa ministira muummee lubuunsaanii darbe, Obbo Mallas Zeenaawiitiin kan kaa’ame. Hidha kanaaf maqoota lamatu moggaafame. Dura Hidha Barkumee (Millennium Dam) jedhame. Booda Hidha Guddicha Haarmomsaa Xoobbiyaa (Grand Ethiopian Renascence Dam) jedhamee moggaafamee. Moggaasni lammaffaan kan amma ittiin waamamu kun yoo akka yaadasaatti sabaafi sablammii biyya kanaa hunda hammatee milkaa’aa maqaa gaariidha. Hidhi kun gaafa jalqabamu karoora tarraa’eef qaba ture. Bishaam m3 biliyoona 74 akka qocu, ijaarsaaf maallaqni doolaara Ameerikaa biliyoona 4.6 akka barbaachisu; kanas hummna biyya keesaatiin aguuguuf karoorfame.

Dubbiiwwan ijoofi ciccimoo torban kanaaKana malees waggoota shan keessatti ijaarsisaa akka xumuramu yeroon murameefii ture. Hidhi Afrikaarraa tokkoffaadha jedhamu kun yoo ijaaramee xumurame humna elektiriikii meeggaa waatii 6,450 akka maddisiisu, kunis Xoobbyaa qofaaf osoo hintaane biyyoota Afrikaa kaaniifilleee akka tajaajilu yaadamee ture; gaafa jalqabamu. Haa ta’u malee ijaarsi hidha kanaa akka karoorfametti hindeemne. Akkuma ministirri muummeen dheengadda kaasan yeroodhaan xumuramuu dhabuunsaa faayidaa irraa argamu ummata dhabsiisuun ala baasii dabalataafi ataakaaroo biraatiif karaa saaqeera. Akkuma dhagahaafi hordofaa turre Ijibti yeroo eegdee ajandaawwan haaraa kaasuudhaan xumura ijaarsi hidha kanaa akka duubatti harkifatu akkasumas fedhiinshii qofti akka eegamuuf dhiibbaa taasisaa turteetti; ammas ittuma jirti. Gama kanaan takka Waashingitan, takka Mooskoo, yeroo biraa Jenevaa akkasumas biyyoota Afrikaa dhageettii qaban marmaaruun Xoobbiyyaarratti dhiibbaa gochuuf yaalaa turuunsaanii beekamaadha. Ijibti akka saree maraattee kan oliifi gadi kaattu kutannoo hidha kana ijaaruuf Xoobbiyaan qabdu waan beektuufi. Kanas gootu waan jalqabame kana waan ittisuu dandeessuu miti. Akkuma garaa garummaan ilaalcha siyaasaafi maraammartoon siyaasaa biyyoota guddachaa jiran kamiyyuu keessa jiru biyya keenyas yoo jiraatellee ijaarsa hidha kanaarratti fedhiin, hubannoofi ijjannoon qaamota hundaatuu walfakkaata jedheen yaada. Sababiinsaas dhimmi Hidha Haaromsaa faayidaa nama dhuunfaa osoo hintaane kan sabootaafi sablammoota Xoobbiyaa keessa jiru maraa waan ta’eef. Akkuma paarlaamaarratti ibsame Ijipti bishaan biyya keenyaa yaa’uun ummatashii %98f ibsaa yoo dhiheessitu seerri abbaan bishaan laga Abbayyaa Ijibtiif maddisiisu dhukkana keessa haa taa’u jedhu hinjiru. Biyyi iyyeettiin tun guddachuuf mirgishii kabajamaadha. Iyyummaa keessaa bahuuf qabeenyaa ummamaashiitti fayyadamuuf dhiibbaan irratti taasisamuu hinqabu. Loojikiin ykn tooftaan ‘ati iyyoomi ani nan misoomaa’ jedhus hinjiru. Kanaaf gama kanaan jala bultii mariin biyyoota sadeen jidduutti ni adeemsisama jedhemetti ministirri muummeen paarlaamaa biyyattiitti jecha cimaadhaan dhaamsa garii Ijibtiifis ta’ee biyyoota dhimma kana keessaa fedhii qabaniif jala muranii dabarsuun gaariidha. Ijjannoon akka biyyaattillee qabatamuu qabu kanuma. Ijoo dubbii haasaa ministira muummee keessaa kan biraa dhimma vaayirasii koronaatiin walqabateedha. Ajandaan kun ajandaa biyya keenyaa qofaa miti; ajandaa hawaasa addunyaa maraati. Gara biyya keenyaatti yoo deebinu dhibee kana ittisuuf tattaaffiin godhamaa jiru jajjabeessaa ta’ullee humna biyyattiifi dagannaa jiru wajjin yoo ilaalame xiyyeeffannaa addaa barbaada. Akkuma guyyaa guyyaan gabaafamu tatamsa’inni dhibee kanaa lakkoofsaafi aguuggii lafaatin yeroo dhihoo as garmalee dabalaa jira. Lakkoofsi gama mootummaan himamaa jiru kunillee kan bira dhaqqabame qofa malee kan mana manatti dhokatee jiru kan dabalatuu miti. Gabaasni jidduu kanaas dhugaa kana kan mirkaneessuudha. Namoonni osoo wiirtuu kuraantiinii hingalin du’aan boqotan tokko tokko

mallattoo dhibee kanaa akka qaban mirkanaa’eera. Kun bakkawwan hedduu ga’uusaa agarsiisa. Kanaaf, gama kanaanis koronaafi siyaasa xaxamaa biyya keenyaa adda baasanii qindoominaan, waldeeggarsaafi walgargaarsaan hojjechuun barbaachisaadha. Akkuma paarlaamaarratti dubbatame koviid-19 carraadha jechuu baannullee caraa ofiisaa qabatee dhufuu mala. Nullee gama dinagdeefi caasaa fayyaa babal’isuutiin wanti irraa arganne ni jira ta’a. Kana jechuun garuu koronaa callisnee haa ilaallu jechuu miti. Ummanni keenyallee qabatawwan adda addaa eeruun of gowwoomsuun irra hinjiraatu. Ummanni barmaatileefi ilaalchawwan dogoggoraa durii qabatee dhibee kana tuffatee ilaaluu hinqabu. Kanaaf; gorsa mootummaafi ogeessonni fayyaa kennan fudhachuun dirqama. Qaamoleen siyaasaa kamuu siyaasa koronaa keessaa of baasanii ummataaf dursa kennuunittisa dhibichaarratti xiyyeeffachuun barbaachisaadha. Ministirri muummeen dhibee koronaafi dinagdee biyya keenyaa walitti qabuudhaanis yaada tokko tokko kaasaniiru. Gama kanaan bara bajataa kana dinagdeen biyya keenyaa %9 ni guddata jedhamee karoorfamee ture; koronaa osoo hin yaadin jechuudha. Akka paarlaamarratti dubbatametti guddinni dinagdee biyyaa sababa koronaatiin %3n gadi bu’a. Kanaaf guddinni bara bajataa kana galmaa’u %6 qofa jechuudha. Guddinni %6 kun yoo galmaa’uunsaa mirkanaa’e biyya kanaaf milkii guddaadha. Akkuma beekamu koronaan dinagdee Xoobbiyaa qonnarratti rarraateefi xiqqishuu balaa xiqqoo hindandamanne tana dhiisii kan biyyoota guguddooyyuu laamshecheera. Dinagdeen dambalii weerara dhukkuba kanaatiin hinrukutamne hinjiru. Xoobbiyaanis kanaan alaa miti. Koviid-19 eddii nuti bara bajetaa wadhakkeessinee

booda ka’uunsaa guddinni dinagdee kun tarii akka garmalee gadi hinbuune taasisuu mala. Garuu guddina dinagdee bara dhufurrattis miidhaa kana caalu fiduu waan danda’uuf ammumaa eegalee ittiyaadamuu qaba. Koronaan karoora biyya kanaa hedduu milaamilche. Guddina dinagdee gadi buusuu qofa miti. Filannoo dimokraatawaa yeroo jalqabaatiif barana ni adeemsisama jedhame yeroo biraatti akka darbu taasiseera. Kunillee waca hedduu uumuudhaan dhaabbilee siyaasaa jidduutti walshakkuun akka uumamuufi atakaroon akka baay’atu taasiseera. Gama kanaan gaaffii paarlaamaatti ka’errattis ministirri muummeen yaada kennaniiru, sababa maaliin akka darbe. Roobii dheengaddaammoo manni maree federeeshinii mootummaan aangoorra jiru yeroo hinmurtoofneef, hanga koronaan badutti biyya akka gaggeessu murteesseera. Asirratti filannoon yeroo biraatti darbuunsaa, anaaf ammas sirriidhuma. Yeroon dura filnnoo ittigaggeessuuf filatame haala biyya keenyaa wajjin walqabatee gonkumaa yeroo filannoon itti adeemsisamuu qabuu miti; osoo koronaan dhufuu baateeyyuu. Gama biraatiin loojikiin filannoo adeemsisuufi biqiltuu dhaabuu walitti fidu sun, akkuma Doktar Abiyyi jedhan kan waliin deemuu miti. Filannoo itti deemnu kana hangas salphisanii ilaalunillee sirrii miti; warri salphisanii dubbatanillee kana wallaalanii natti hinfakkaatu. Gama filannootiin dubbiin bishaan kaasuufi walmormisiisu yeroo mootummaan amma aangoorra jiru kun filannoo malee aangoorra turuudha. Filannichi otoo yeroon geggeeffamee gaarii ture. Maalumaafuu ammas waldanda’anii deemuun gaariidha; waldanda’uun ibsituuwwan dimokraasii keessaa tokko waan ta’eef. Dhimmi torbee darbee sammuu namaa keessa naanna’aa ture gabaasa dhaabbanni ‘Amnesty International’ jedhamu kabajama mirgoota dhala namaa ilaalchisee baaseedha. Dhimmi kunillee waltajjii paarlaamaarratti ka’ee ministirri muummeen deebii akka ittikennan taasisameera. Isaanis dhimmicha gadi qabanii bira taraniiru. Waajjirri Abbaa Alangaa Federaalaammoo “qoranneeti deebii itti kennina” jedhee deebii bareedaa kenneera. Dhimmi kun akka miseensi paarlaamaa sodaataa kaase osoo hinta’in dhimma xiyyeeffannaa mootummaa barbaaduudha. Gabaasa sobaa yoo ta’e ragaarratti hundaa’anii soba ta’uu mirkaneessuudha. Kan dhugaa ta’emmoo keessaa fudhatanii qoratanii tarkaanfii sirreessaa fudhachuun qooda mootummaati. Biyya kamittuu mirgi dhala namaa dursa argachuu akka qabu addunyaan irratti walii galeera. Kanaaf fakkeenyi ajjeechaa Ameerikaatti Joorji Filooyidirratti raawwatameedha. Gochichi Ameerikaa guddittii hagam akka raaseefi gaaffii addunyaarratti kaase hubachuun gaariidha. Kanaaf mootummaan dogoggora Wayyaaneen hojjachaa baate akka irra hindeebine of eeggachuu qaba. xumurarratti duubdeebii dubbistoonni koo fuula FB Gaazexaa Bariisaarratti kennitan ilaaleera. Yaada keessaniif galatoomaa. Dogoggora uumameef na oofkalchaa. Filannoo ALA bara 2007 eddii adeemsisamee waggaa 13 kan jedhuun naaf haa sirraa’u. Torbee gaariin isinii haa ta’u!

Torbeen darbe kun torbee haalli siyaasaa biyya kanaa teempireechariinsaa olka’eefi ummanni gara dhimmoota kanatti gurra akka qabu hawwateedha jechuun ni danda’ama

Page 18: Qubattoota Sulultatti deggarsa · 2020. 8. 20. · Tattaaffiin kunimmoo karoora misooma magariisaa biyyattiin qabatte milkeessuurra ... Daa’immaniifi Dargaggootaa Oromiyaa ibse

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 6 Bara 2012 18

Fuulli kun walta’iinsa Giddugala qoranoo qonnaa Itoophiyaafi Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiin torban torbaniin kan dhihaatuudha

Mishingaan Itoophiyaa keessatti midhaan buleeyyii xaafiifi boqqollootti aanee bakka bal’aa kan qabatuudha. Mishingaan haala qilleensaa adda addaa keessatti kan biqilu yoo ta’u, keessumaa naannoo gammoojjii hanqina roobaa qaban keessatti gogiinsa dandamachuudhaan callaa fooyya’aa waan kennuuf midhaanota biroorra filatamaa ta’eera. Walumaagalatti omisha gaarii kennuudhaaf naannooleen mijaawoo ta’an sulula galaanaarraa meetira 400 – 2700, amma roobaatiin immoo miilii 250 – 500 akkanumas gosa biyyoo adda addaarratti biqiluu kan danda’u yoo ta’u, mi’aa biyyoo(PH) 5.5 irratti baay’inaan omishama.

Biyya keenyatti bal’inni lafti inni aguuguu xaafiifi boqqollootti aanee sadarkaa sadaffaarratti kan argamu yoo ta’u, omishtummaansaa walumaagalatti hektaaraan boqqolloo, qamadiifi ruuzatti aanee sadarkaa arfaffaa irratti argama. Haala gabaasa Ejensiin Giddugaleessa Istaatistiiksii Itoophiyaa bara 2010 baaseen, walumaagalatti omishti mishingaa bara 2010 hektaara 1,896,389.29 ta’a. Omishti giddugaleessaa yeroo hektaaraan 27.26 yoota’u, omishti waliigalasaa kuntaala miliyoona 52tti kan siquudha. Bara omishaa 2010 akka Ummatoota Kibbaatti, lafa hektaara kuma dhibba tokkoofi kuma 12 ol mishingaadhaan kan aguugame yoo ta’u, omishti waliigalaa yeroo isaa hektaaraan kuntaala 25.43, omishti waliigalasaammoo gara kuntaala miliyoona sadiitti kan siqu ture. Damee qo’annootiin sanyiin mishingaalee adda addaa haala qilleensaa gara garaatiif

Teknolojii qabiinsaafi omisha mishingaaWandimmaagenyi Ashabbiriin oolan kan gadi lakkifaman yoo ta’u, omishtu

mmaansaa akka guddatu ga’eesaa taphateera. Sanyiiwwan fooyya’aniifi malawwan omishaa adda addaatti fayyadamuudhaan hektaaraan kuntaala 30- 60 argachuun danda’ameera.

Teknolojii omisha mishingaa Qophii maasaa

Daddabalama qonnaa, gosa biyyoofi jiidhina ilaalcha keessa galchuudhaan waliigalatti yeroo lamaafi sadii qotuun ga’aadha. Qonni jalqabaa akka midhaan sassaabameen utuu oyiruun jiidhinsa hin fixatin yoo ta’u, inni lammaffaan ammoo bara omisha ittaanuu qaqqabuuf yeroo roobni jalqabaa roobettiifi akka aramaan hin biqille qotiifni sadaffaan yeroo facaasaatti jiidhina saammachuuf dursanii yeroo inni gogaan jiru qotanii facaasuun filannoo isabiraati. Dabalataanis oyiruun mishingaan itti faca’u, aramaafi wanneen barbaachisaa hin taane biroorraa qulqullaa’uu qaba.

Naannoowwan hanqina roobaafi biyyoo ashawaa ta’e qabanitti malawwan jiidha tursiisan fayyadamuun barbaachisaadha. Roobni jalqabaa roobuusaatiin dura oyiruu qophaa’e keessaa bishaan kuufame utuu hin ba’iin dura, suuta suutaan akka lafa keessa seenu taasisuun biqiltuudhaaf haala mijeessuun omisha fooyya’aa argachuun akka danda’amu bu’aan qo’annoo Jiinkaa aanaa Naayitsimaayi ganda Alduubbaatti argame ni mul’isa. Yeroo gogiinsaa mishingaan bo’oo daagaa fayyadamuudhaan facaafame isa bo’oo daagaa malee faca’e caalaa omisha kenna. Naannoowwan biyyoon

suphee argamannitti fageenya meetira ja’aatiin, naannoowwan biyyoo ashawaa ta’e qabanitti ammoo fageenya meetira sadiitiin bo’oo daagessuun firii gaarii argamsiisa.

Yeroo sanyii Wantoota oomisha mishingaa murteessan keessaa inni tokko yeroo sanyiiti. Yeroo sirrii eeganii facaasuun yeroo barbaachisaatti sassaabuu dandeessisuusaatiin gamatti gogiinsa yeroo daraaraatti uumamu, amma ho’inaa, dhukkubaafi rakkoowwan yeroo sassaabbii oomishaatti uumaman hirdhisuuf fayyada. Yeroon omishaa akka naannawaatti waan adda adda ta’uuf harka caalaadhaan yeroo Arfaasaa bakkeewwan gammoojjiitti akka haala dhufiinsa roobiinsaatti yeroo Gurraandhalaa amma Bitootessaatti facaasuun ni danda’ama. Naannoowwan omishtoota mishingaa Gannaatti, baatii Adoolessaarraa eegalee yeroowwa jiran keessa faca’a.

Ka’umsa sanyiifi malasaaHammi sanyii akka ulfina ija sanyichaafi misooma biyyeetti kan murtaa’u yoo ta’u, sanyii sararaan facaasuudhaaf hektaaraan kiiloogiraama 10- 12tti barbaachisa. Naannoowwan Gammoojjiitti sararaan hoggaa faca’u, sarara gidduutti seentii meetira 75 fi sanyii gidduutti seentiimeetirri 15 barbaachisaadha. Bakkeewwan olka’oofi olka’iinsa giddugaleessaa qabanitti sarara gidduutti seentiimeetira 75 fi sanyiiwwan gidduutti seentiimeetira 20 ta’uu qaba. Naannoowwan Gammoojjii hanqina roobaa qabanitti jiidhinni biyyoo ilaalamee yeroo biqiltuun gurra lamaafi sadii baasutti

seentiimeetira 15 fi naannoowwan Baddaafi Badda dareetti fageenya seentii meetira 20tiin biqiltuu lamaafi sadii hambisuudhaan haphisuun barbaachisaadha. Yeroo haphisuu mishingaan buqqa’e bakkeewwan hin biqilin gidduu dhaabamuu barbaachisa.

Ittifayyadama xaa’oo Biqiltuun mishingaa uumamaan misooma biyyee fixeetti fayyadama. Dabalataanis naannoon mishingaa biqilchan biyya keenyaa biqila midhaaniitiif baay’ee barbaachisaa kan ta’e nayitirojiinfosfarasii amma xinnoodhaan kan qaban waan ta’eef lafti mishingaan itti facaafamu xaa’oon ga’aan keemikaalota kana qaban fayyadamuu barbaachisa. Lafa hektaara tokkorra NPS kilogiraama 125fi Yuriyaa kilogiraama 87.5 baddaafi badda dareetti yookaan bakkee jiidhina ga’aa qabanitti fayyadamuun barbaachisaadha. Naannoo gammoojjii hanqina roobaa qabanitti hektaara tokkorra NPS kilogiraama 125fi Yuriyaa kilogiraama 43.75 fayyadamuun ga’aadha. Fayyadamasaa haala ilaaluun ammi NPS marti biyyoo yeroo facaasaa sarara keessatti naqamuun uffisuufi sanyii irraan facaasuudhaan fayyadamuu, Yuriyaa ammoo aramaa lammaffaadhaan booda guddiinni midhaanichaa guyyoota 35-40 yoo ta’u, jiidhinni ga’aan lafa keessa jiraachuusaa hubachuudhaan biqiltuu cinaatti meetira shan irra naquudhaa biyyoo uffisuu barbaachisa. Xaa’oo namtolcheefi isa bakka bu’uu kan danda’u xaa’oo uumamaa jechuunis faltii looniifi kompoostii fayyadamuun misooma lafaa fooyyessuudhaafi qancarsaa ittisuudhaan omisha dabaluudhaaf ga’ee guddaa qaba.

booressuuf yaalaa jiru. Maqaballeessiif yoo ta’e malee namni saba biraa Oromiyaa keessatti poolisummaan tajaajilu kan hinjirre ta’uus himaniiru.

Mindeessi poolisiis ulaagaafi hojmaata mataasaa kan qabu ta’uu himanii, hololli dhalataan naannoo biraa Oromiyaa keessatti poolisummaan mindeeffamee ummata naannichaa fixaa jira jedhu soba. Poolisiin idileefi humni addaa Oromiyaa gaachana ummataa ta’anii tajaajilaa jiru. Naamusni poolisummaas gartummaa kan barsiisu miti. Poolisiifi humni addaa Oromiyaa hawaasni nagaan bahee akka galuuf waardiyyaa kan dhaabbatan ta’uus eeraniiru.

Dargaggoonni poolisummaafi humna addaan leenji’anii hawaasasaanii tajaajilaa jiran hedduun qeerroowwaniifi qarreewwan jijjiirama fiduuf kaleessa aarsaa kaffalaa turaniidha kan jedhan komiishinarichi, humnoonni kunneen paartii siyaasaa kamiifuu osoo hinloogin tajaajilaafi dirqama ogummaa isaanitti kenname hojiitti hiikaa kan jiran ta’uufi hololli miidiyaa hawaasummaatiin isaan irratti oofamaa jirus soba ta’uu himaniiru.

Namoonni tokko tokko poolisiifi paartii walitti hidhuun akka waan gartummaan jiruutti kaasaa jiru kan jedhan jeneraalichi,

gartummaan naamusa poolisummaa keessa hinjiru. Poolisootaafi humni addaa Oromiyaa ilaalcha gartummaafi deggartummaa partii agarsiisan seeratti dhiyaatanii adabamaa kan jiran ta’uu himu.

Haaluma kanaan poolisoonni ilaalcha deggartummaa paartiifi gartummaa agarsiisaniifi faallaa naamusa poolisummaa deeman kuma tokkoo ol seeratti kan dhiyaatan ta’uu eeranii, poolisii idilees ta’e humni addaa Oromiyaa heeraafi seera kabajuufi kabachiisuun nageenya ummataas ta’e naannichaa eegsisuuf hojjechaa kan jiran ta’uufi kanneen faallaa kanaa deemaniif obsa kan hinqabne ta’uu dubbataniiru.

Qaamolee maqaa poolisii Oromiyaa gurraachessuun harka wayyaa jalaatiin ergama diinummaa fudhatanii nageenya hawaasaafi naannichaa booressuu socho’an qolachuuf qophii ta’uu himanii, ummatni Oromoos komii poolisiirratti qabu ilaalchisee eeruu nuuf kennuu danda’a jedhan. Komiishinichis komii dhiyaate simatee sirreessuufi farreen nageenyaa nageenya hawaasaa yaaddoo keessa galchaa jiran poolisii waliin ofirraa qolachuuf hojjechaa kan jiru ta’uu ibsaniiru.

Namni naannoo biraarraa dhufee...gammadu ibsu.

Murteen dheengadda Manni Marii Bakka Bu’oota Ummataa Mootummaa RFDI dabarse seenaa biyya kanaa keessatti hawaasa Musliimaatiif guyyaa addaa ta’uu kan himan immoo Pirezidaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Oromiyaa, Sheek Hajii Ibraahimi.

Majiliisni Federaalaa biyya kanatti beekkamtii argachuun walqixummaa amantiilee waraqaa qofarra ture qabatamaan kan mirkaneesse ta’uus eeranii, moototni darban sochii biyya amantiifi afaan tokkoo hundeessuuf taaaisaa turan keessatti hawaaani Musliimaa hacuuccaafi dhiibbaa hamaa jala turuu dubbatu. Erguma mootummaan ADWUI dhufees wereegamni hawaasni Musliimaa kanfalaa ture olaanaa ta’uus ibsaniiru.

Kanaan dura akka dhaabbata miitmootummaa (‘NGO’)

Gaaffiin... biyya alaatii dhufeetti waggaa waggaadhaan heeyyama haaromfataa kan ture Majliisni, yeroo ammaa beekamtii seerummaa argachuusaatiin kana booda hojii barbaade hojjachuuf heeyyama qaama kamiyyuu kan hineegganne ta’uu beeksisaniiru.

Hawaasni Musliimaa naannichaa gammachuu kana hiriira bahee ibsachuuf haalli yeroo amma keessa jirruu hinheeyyamu kan jedhan pirezidaantichi, hunduu maatiisaa waliin biqiltuu dhaabuudhaan gammachuusaa akka ibsatu dhaamaniiru, ibsa labsii Manni Marii Bakka Bu’oota Ummatiin kaleessa ragga’e ilaalchisuun kaleessa miidiyaaleef kennaniin.

Manni marichaa walga’iisaa idilee 16fa Kamisa darbeetiin wixinee labsii qaama seerummaa Mana Marii Waligalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaafi Kaawunsilii Waldaalee Kiristaanaa Amantoota Wangeelaa Itoophiyaatiif kennuuf dhiyaate raggaasisuunsaa ni yaadatama.

Page 19: Qubattoota Sulultatti deggarsa · 2020. 8. 20. · Tattaaffiin kunimmoo karoora misooma magariisaa biyyattiin qabatte milkeessuurra ... Daa’immaniifi Dargaggootaa Oromiyaa ibse

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 6 Bara 2012 20

Tashoomaa Qadiidaatiin

Dhaabbata Maxxansaa Birhaaninnaa Salaamitti maxxanfame

Finfinnee: Hawaasa fayyabuleessaafi dammaqaa horachuu keessatti gaheen ispoortii daran olaanaadha. Ispoortiin meeshaa guddaa dhaloota haaraa sammuu ifa, qaama cimaa, fayyaa guutuufi miira mo’ataa qabu bal’inaan horachuufis gargaaruudha. Riqicha bal’aa ummata jidduutti waljaalala, walhubannoo nageenyaafi tokkummaa cimaa uumuuf sadarkaa olaanaan tajaajiluu danda’uudhas.Akkasumas ispoortiin aadaafi naamusa gaarii dargaggoota keessatti dagaagsuufi ilaalcha gaarii karaa nagaafi demokraatawaan waldorgomanii mo’achuu daran cimsuuf gargaaru waan ta’eef hawaasa ammayyaa kallatii hundaan ofitti amanuufi mataa ol qabatee injifannoof socho’u ijaaruuf gaheensaa guddaadha jechuudhaan kan ibsan Komishinii Ispoortii Federaalaatti Obbo Habtaamuu Sisaay daarektara barumsaafi leenjiiti.Haala qabatamaan yeroo kanaatiin jedhu daarektarichi, ispoortiin riqicha naannoo ykn biyya tokkoo qofa osoo hin taane kan addunyaa guutuun ittiin walitti dhufu, maqaa gaarii naannoofi biyyaa sadarkaa olaanaan ol kaasuuf tajaajilu ta’aa kan dhufee waan ta’eef meeshaa walitti dhufeenyaafi guddinaa isa olaanaa ta’uu addeessu.Dabalataaniis har’a ispoortiin meeshaa olaanaa misoomaafi invastmantiif tajaajilu ta’uusaatti guddina misooma biyyaatiif shoora olaanaa akka taphatu oggeesi kun kan muldhisan.Kanaafuu dameen kun haqaafi demokraasii dhugaa qabatamaan hojiirra oolchuufi guddina madaalawaa loogiin ala hunduu qixxee ittiin fayyadamu mirkaneessuuf biyyattiin sochii jalqabde keesatti seektarri ispoortii gaheen gumaachuu danda’u baay’ee olaanaadha.Kanuma hubachuudhaan mootummaan federaalaa dameispoortii akka seektara

Sochiilee guddina ispoortiitiif taasifamaa jiran keessaa

misoomaa isa murteessaa tokkootti qabatee ciminaan irratti hojjechuuf sochii jalqabe cimsee ittifufaa jira jechuudhaan ibsu Obbo Habtaamuun.Itoophiyaan atileetota addunyaarratti ajaa’ibsiifaman ta’aniif burqaa ta’uudhaan beekamtii kan jedhan daarektarichi, burqaan kun akka hingognee akkaakuuwwan ispoortii maraa cimsuuf sochii ispoortii baldhisuufi baldhinaan hojjechuun murteessaa ta’uu tuqaniiru.Bu’uura ispoortii biyya keenyaatii ogeessota ispoortii leenjistoota, murtee kennitoota dursitoota gareewwan ispoortiifi hirmaattotasaa baay’inaan horachuun barbaachisaa ta’uusaati kan addeessan.Haaluma kanaan mootummaan riiformii ispoortii biyyattii sadarkaa gubbaattii kaasee hanga gandaatti diriirsuudhaan dhaabbileefi waldaaleen ispoortii, kilaboonni magaalota

Haqamuu shaampiyoonaan kubbaa saaphanaa

naannolee baldhinaan akka hundaa’an ogeessota ispoortii sadarkaa sadarkaadhaan hundeessuudhaan hojjechaa jiraachuu ibsu.Ogeessota ispoortii kana baay’isuuf tarkaanfii fudhatameen ejensiin istaastiksii giddugaleessaa bara 2004 ragaalee baaseen, yeroo sana saddarkaa biyyaatti murtee kennitoonni ispoortii kuma 2fi 376fi leenjistoonni kuma 2fi 476 turuusaatiin ta’uu addeessaniiru.Haata’u malee ispoortichi babaldhachaa dhufuudhaan ammaan tana ogeessonni kuma 30fi 560 yeroo gabaabaadhaaf, kumni 2fi 388 ammoo yeroo dheeraadhaaf leejisuudhaan horachuusaa ni muldhisu.Riiformiiwwan baase kana jedhu Obbo Habtaamun, komishinichi ministeera barumsaa waliin ta’uun manneen barnootaafi dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti ispoortiiwwan adda addaa gaggeessaa

jiraachuu malee barsiistoota ispoortii horachaa jirras jedhan.Haata’u malee leenjii kana ogeessota barbaachisaa ta’an biraan gahuuf federeeshinoonni biyyaalessaa maanuwaalii leenjii sadarkaasaanii eeggatan waan hinqabneef leenjicha milkeessuuf rakkinni jiraachuus Obbo Habtaamun kan addeessan.Akkasumas leenjiiwwan jalqabaman yeroosaanii eeggatanii xumuramuu dhabuun, oggeessota leenjii ammayyaa fudhataniifi leenjji muuxannoorraa argatan addaan baafamanii beekamuu dhabuudhaan waliin dhahamaa turuusaatti furmaan hinargamne jedhu ogeessi kun. Rakkina kana salphisuuf jechas yeroo baay’ee ittigaafatamtoota federeeshinoota biyyaaleessaa, komishinaroota ispoortii naannoleefi bulchiinsota magaalaa waliin Finfinneefi Adaamaatti mari’anneerra jedhan. Akkasumas akkaadaamii leenjii ispoortii dargaggoota Itoophiyaafi leenjii atileetiksi Xirunash Dibaabaa, wiirtuuwwan leenjii atileetiksi naannoleefi leenjii kubbaa miilaa dargaggoota Pirojektii Amboo Gool wajjin haala leenjii ammayyaa ilaalchisuudhaan marii baldhinaa gaggeeffamus akka barbaadhametti fiixaan baasuun rakkisaa ta’uudha Obbo Habtaamuun kan ibsan.Karaa biraatiin ammoo sababii koviid-19n ummata addunyaa hubaa jiruun qajeelcha mootummaafi ministeera fayyaarraa darbeen sagantaan barana leenjiif qabamee ture addaan citeera.Haata’u malee naannoleettis ta’u bulchiinsota magaalotaatti leenjiiwwan qaamaan wal hintuqne ummanni iddoowwan jiraatutti keessumaa warreen manneen waliinii keessa jiraatan sochii qaamaa akka hindhaabne gochuuf oggeessonni ispoortii akka hordofan godhamaa jiraachuu ogeessichi muldhisaniiru.

Finfinnee: Qopheesummaa konfedereeshinii kubbaa saaphanaa Afrikaatiin shaampiyoonaa kilaboota liigii piriimeerii waggaa waggaadhaan magaalota biyyoota addaddaatti gaggeeffamaa tureera. Shaampiyoonichi baranas baatii Hagayyaa dhufu magaalaa guddoo Misir, Kaayirootti gaggeeffama jedhametti eeggamaa ture.Shaampiyoonaa kanarratti kilaboonni biyyoota Afrikaa korniyaa lameeniinuu hirmaachuuf biyyootasaaniitti walmorkii godhachuudhaan qophaa’aa turan. Itoophiyaarraa dhiiraan kilaboonni Walaayittaa Diichaafi Yunivarsitiin Madda Walaabuu, dubaraan ammoo kilabni Alkoliifi Haraqee Biheerawwii hirmaachuuf qophii olaanaarra turan.Haata’u malee sababii vaayirasiin koronaa Addunyaa maraarratti babaldhachuudhaan ummata addunyaa miidhaa jiruuf Konfedereeshiniin Kubbaa Saaphanaa shaampiyoonicha yeroo hinbeekamneef dabarseera.Shaampiyoonichi addaan cituun kilabootarratti dhiibbaa akka qabaatu ogeesonni ispoortichaa dubbachaa jiru.

Ittigaafatamaan Waajira Federeeshinii Kubbaa Saaphanaa Itoophiyaa Obbo Takluu Shawaayyees kanuma mirkaneessan.Akka isaan jedhanitti, koronaan abidda saafaa, ummata addunyaa gubaa jiruudha. Abiddi kun hawaasa ardii tanarratti argamu maraa daran miidhaa jira. Kanuma sodaaf jecha waldaaleen ispoortii sochii taasisaa turan addaan kutuunsaanii kilabootarratti miidhaa olaanaa dhaqqabsiisa.Keessumaa kilaboonni kubbaa saaphanaa biyya keenyaa hedduun kanneen bajata mootummaatiin waan bulaniif bara bajataa kana walmorkiiwwan addaan cituusaatti diigamaa jiru.Haaluma kanaan taphattoonni kilaboota kanneenirraa mindaa argatan shaampiyoonichi dhaabachuusaatti bittinnaa’uudhaan isaanis ta’u maatiinsaanii rakkina guddaa keessa galuusaanii muldhisaniiru.Federeeshiniin kubbaa saaphanaa Itoophiyaas addaan cituu shaampiyoonichaa ilaalchisuudhaan dheengadda walga’ii gaggeeffateen walmorkiin Kaayiroo hafuusaafi kilaboonni barana shaampiyoonicharratti hirmaatan hanga

guyyaansaa beekamutti abdii osoo hinkutatin bakkuma jiranitti qaaman waltuquurraa

fagaachuudhaan shaakalasaanii akka ittifufan akeekkachiisaniiru.