seensa - · pdf file11 aadaa fi dubartoota –ga’ee dubartii sirna gadaa...

11
Siifsiin Jiildii 6 1 Seensa B arruun kun dhaabbata ‘AYAANAA’ itti gaafatamummaansaa murtaa’e jalatti eeyyama guutuu argateen namoota muraasaaf hojii uumee godinaalee Oromiyaa hanga tokko keessatti sochiisaa babal’isaa jira. Oromiyaan alattis lafa Oromoon jiran maraan ga’uurratti argama. Mul’anni dhaabbata kanaa inni guddaanis afaan saba kanaa kallattii hedduun guddisuufi dagaagsuun dhaloota aadaa dubbisuu isaa dagaagsatee arguudha. Kanaafis barattoonni sadarkaa gadaanaa hanga olaanaatti akka wabiitti gargaaramaa jiraachuun isaanii ragaa guddaadha. Barruuleen keenya barruuwwan kalaqaa, afoola uummataafi beekumsa waliigalaa kan of keessatti qabatee jirudha. Yeroo garaagaraatti barruu keenya bira gama maallaqaatiin dhaabbatanii nujajjabeessaa kan turan dhaabbileen mootummaafi miti mootummaa hedduun jiru. Isaanis duraa gara ammaatti, yommuu tarreeffaman Awaash inshuuraans Kaampaanii, Mohaa Sooft dirinki indaastirii S.C, Senter foor Kiri’eetiiv leedershiip, Bunnaa internaashinaal Baankii, deezerti roozi koonsaaltaansii plc, Meerikiroops, Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa, Baankii Internaashinaalii Oromiyaafi kanneen biroos maqaa ummata Oromootiin nigalateeffanna. Akkasumas, yeroo garaagaraatti miidiyaalee hawasaa kanneen akka email, feesbookii, twiteriifi bilbilaan yaada ijaarsaafi qeeqa barbaachisaa ta’e nuuf ergaa turan keessaa Obbo Jaallataa Lammii (Ilma Tagee), Jimaa Mokonnin, Darajjee Joonsee, Naggaa Wadaajoofi Nagaash Hiikasaa maqaa dubbistoota keenyaatiin galateeffanna. Dogoggora qabnus sirreeffachuufi hawaasa keenyaa kutannoon tajaajiluuf ammas taanaan gurri keenya uummata keenya ta’uu onneekeenyarraa beeksifanna. Walumaagalatti, barruun keenya kallattii falaasama, aadaa, dinagdee, qonnaa, barnootaafi artii Oromoo giddu galeessa godhatee hojjeta. Kanaaf, ammoo tumsi hawaasichaa daran nubarbaachisa. SIIFSIIN barruu hawaasa Oromoo waan ta’eef, abbummaan isinitti dhaga’amee nu faana hojjechuuf kan feetaniif balballi keenya banaa ta’uu nibeeksifna. Fuula Qabiyyee 2 Wal faana miidhaga!–Jiruun addunyaa gurmaa’inaan faayoma 2 Meeqaan nagurgurte?–Waliin nyaataa wal hin nyaatan! 3 Waa’ee Oromoo kana beektu? –Seenaan eenyummaadha. 5 Buna qalaa–Nyaata aadaa Oromiyaa qofti qabdu! 8 Dandeettiifi ga’umsadandeettiiin ofii madaallii hojiiti. 10 Ciigoo–Dubbii oguma Oromoo. 11 Aadaa fi dubartoota –Ga’ee dubartii sirna gadaa keessatti. 14 Uruursa daa’immanii: mala kunuunsa daa’imman Oromoo. 15 kana beektuu?Hubannoo wanta saayinsaawaa ta’e tokko. 16 Amala Oromoofi Oromummaa–Safuu hawaasaa. 17 Akkaataa Xaa’oon uumamaa itti qophaa’u– kalaqa naannoo mala omiisha ga’aan ittiin argamu. 18 Harbuufi Leemmana–Jijjiiramatti of madaqsuun ammayyum- maadha. 19 Barnooti milkaa’ina jireenya fuula duraatiif investimentiidha. 20 Galma milkaa’inaa: Karoora, jijjiiramafi beekumsa Qopheessitoota Barruulee Siifsiin Jildii 6 ffaa Amajji, 2007 Hoogganaa Ol-aanaa Alambirihaan Fiixee Ciibsaa I/A Hoogganaa Daayireekteera Walii galaa Dassaaleeny Kabbadaa I/A/Daayireekteera Toomaas Baargeer Qopheessaa Dizaayinii Darasuu Abdiisaa Bayyanaa Daayirekteera Dizaayinii Filiip Shuutis Gulalaa Olaanaa Beekan Gulummaa Irranaa Qooda fudhattoota Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Eebbisaa Baayisaa Abeetuu Mana maxxansaa Rehooboot Printing Press Plc. Dhaabbata Maxxansa Ayaanaa (kan mirgi isaa Seeraan murtaa’e) Lak. Bilb: +251 113 201 772 Lak. Sand. Poostaa 70277 E-mail: [email protected] www. facebook.com/siifsiinmagazine Dubbistoota keenya! Barreeffamoota kanneen akka asoosamoota gaggabaaboo, walaloowwan, afoola Oromoo, seenaa namoota bebbeekamoofi beekumsa waliigalaarratti qabaattan karaa teessoo keenyaa nuqaqqabsiisuun fayyadamoo carraa kanaa ta’a.

Upload: habao

Post on 30-Jan-2018

1.739 views

Category:

Documents


57 download

TRANSCRIPT

Page 1: Seensa -   · PDF file11 Aadaa fi dubartoota –Ga’ee dubartii sirna gadaa keessatti. ... Akka aadaa Oromootti gochi waa qaluu dhiiraan ... yeroo buttaa qalaniifi kan

Siifsiin Jiildii 6 1

SeensaB arruun kun dhaabbata ‘AYAANAA’ itti

gaafatamummaansaa murtaa’e jalatti eeyyama guutuu argateen namoota

muraasaaf hojii uumee godinaalee Oromiyaa hanga tokko keessatti sochiisaa babal’isaa jira. Oromiyaan alattis lafa Oromoon jiran maraan ga’uurratti argama. Mul’anni dhaabbata kanaa inni guddaanis afaan saba kanaa kallattii hedduun guddisuufi dagaagsuun dhaloota aadaa dubbisuu isaa dagaagsatee arguudha. Kanaafis barattoonni sadarkaa gadaanaa hanga olaanaatti akka wabiitti gargaaramaa jiraachuun isaanii ragaa guddaadha. Barruuleen keenya barruuwwan kalaqaa, afoola uummataafi beekumsa waliigalaa kan of keessatti qabatee jirudha. Yeroo garaagaraatti barruu keenya bira gama maallaqaatiin dhaabbatanii nujajjabeessaa kan turan dhaabbileen mootummaafi miti mootummaa hedduun jiru. Isaanis duraa gara ammaatti, yommuu tarreeffaman Awaash inshuuraans Kaampaanii, Mohaa Sooft dirinki indaastirii S.C, Senter foor

Kiri’eetiiv leedershiip, Bunnaa internaashinaal Baankii, deezerti roozi koonsaaltaansii plc, Meerikiroops, Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa, Baankii Internaashinaalii Oromiyaafi kanneen biroos maqaa ummata Oromootiin nigalateeffanna.Akkasumas, yeroo garaagaraatti miidiyaalee hawasaa kanneen akka email, feesbookii, twiteriifi bilbilaan yaada ijaarsaafi qeeqa barbaachisaa ta’e nuuf ergaa turan keessaa Obbo Jaallataa Lammii (Ilma Tagee), Jimaa Mokonnin, Darajjee Joonsee, Naggaa Wadaajoofi Nagaash Hiikasaa maqaa dubbistoota keenyaatiin galateeffanna. Dogoggora qabnus sirreeffachuufi hawaasa keenyaa kutannoon tajaajiluuf ammas taanaan gurri keenya uummata keenya ta’uu onneekeenyarraa beeksifanna.

Walumaagalatti, barruun keenya kallattii falaasama, aadaa, dinagdee, qonnaa, barnootaafi artii Oromoo giddu galeessa godhatee hojjeta. Kanaaf, ammoo tumsi hawaasichaa daran nubarbaachisa. SIIFSIIN barruu hawaasa Oromoo waan ta’eef, abbummaan isinitti dhaga’amee nu faana hojjechuuf kan feetaniif balballi keenya banaa ta’uu nibeeksifna.

Fuula Qabiyyee2 Wal faana miidhaga!–Jiruun addunyaa gurmaa’inaan faayoma2 Meeqaan nagurgurte?–Waliin nyaataa wal hin nyaatan!3 Waa’ee Oromoo kana beektu? –Seenaan eenyummaadha.5 Buna qalaa–Nyaata aadaa Oromiyaa qofti qabdu!8 Dandeettiifi ga’umsa–dandeettiiin ofii madaallii hojiiti.10 Ciigoo–Dubbii oguma Oromoo.11 Aadaa fi dubartoota –Ga’ee dubartii sirna gadaa keessatti.14 Uruursa daa’immanii: mala kunuunsa daa’imman Oromoo.15 kana beektuu?–Hubannoo wanta saayinsaawaa ta’e tokko.16 Amala Oromoofi Oromummaa–Safuu hawaasaa.17 Akkaataa Xaa’oon uumamaa itti qophaa’u– kalaqa naannoo

mala omiisha ga’aan ittiin argamu. 18 Harbuufi Leemmana–Jijjiiramatti of madaqsuun ammayyum-

maadha.19 Barnooti milkaa’ina jireenya fuula duraatiif investimentiidha.20 Galma milkaa’inaa: Karoora, jijjiiramafi beekumsa

Qopheessitoota Barruulee Siifsiin Jildii 6ffaa Amajji, 2007

Hoogganaa Ol-aanaa Alambirihaan Fiixee CiibsaaI/A HoogganaaDaayireekteera Walii galaaDassaaleeny KabbadaaI/A/Daayireekteera Toomaas BaargeerQopheessaa Dizaayinii Darasuu Abdiisaa BayyanaaDaayirekteera Dizaayinii Filiip ShuutisGulalaa OlaanaaBeekan Gulummaa IrranaaQooda fudhattoota BiirooAadaafiTurizimiiOromiyaa Eebbisaa Baayisaa AbeetuuMana maxxansaa Rehooboot Printing Press Plc.

Dhaabbata Maxxansa Ayaanaa(kan mirgi isaa Seeraan murtaa’e)Lak. Bilb: +251 113 201 772Lak. Sand. Poostaa 70277

E-mail: [email protected] www.facebook.com/siifsiinmagazine

Dubbistoota keenya! Barreeffamoota kanneen akka asoosamoota gaggabaaboo, walaloowwan, afoola Oromoo, seenaa namoota bebbeekamoofi beekumsa waliigalaarratti qabaattan karaa teessoo keenyaa nuqaqqabsiisuun fayyadamoo carraa kanaa ta’a.

Page 2: Seensa -   · PDF file11 Aadaa fi dubartoota –Ga’ee dubartii sirna gadaa keessatti. ... Akka aadaa Oromootti gochi waa qaluu dhiiraan ... yeroo buttaa qalaniifi kan

Siifsiin Jiildii 6 3

Meeqaan nagurgurte?Maaliif hin owwaattu anoo ergaan qabaa?Attamin si waamee deebii sirraa dhaba?Akka na dhageesse beeka dhibbaa fi dhibbaBeekaama cal jetta kan kee ajaa’ibaa!“Jaalalan siif qaba nama biraa hin fedhuErgan si argadhee eenyuunuu hin barbaaduTokko shak hin jedhiin haalaan na simadhuKan keetii yoomiyyuu kan kee na godhadhu”Jettee natti kuultee na bira fakkaatteeAbdii dhugaa hin taane soortee na quubsiteeBooddee suuta suutaan dudduuba deebiteeAkka allaattii samii na jalaa barriftee

Eenyummaa koo dhiiftee ‘sa rabbi naaf kenneIsa ani qabu dhiistee laaltee ‘sa ani hin qabneHiyyummaa koof jettee darbattee na gatteeHaala darbuuf jiruuf nagaatti naan jette.

Amma maaltu beeka bor utuun guddadhee?Dhabni koo har’aa hafee utuun waa qabaadheeHalkan kun bari’ee ifa yoon argadheAnaafis naaf darbee mataa koo ol qabadhee

Bor akka har’aa miti ta’uus hin danda’uJireenyi addunyaa kun bakka tokko hin taa’uu

Wallaala kee malee kana hunda gochuun keeKan koo harka waaqaati haa hafu waa’een kee

Yihudaan gooftaa isaa qarshii soddomattiGurguratee deemee of fannise achittiAnoo meeqan baase meeqaan na gurgurtee?Natti himi gatii koo hammam narraa argattee?

WalfaanaMiidhagaTokkittiin mukaatuu Qofaashee hin bobaatuu Mukni damee malee Qilleensaan raaafama Dhalli haadha malee Tarii ni jibbama Dacheen rooba malee Hongeen daraarama Biyyoon biqilaa malee Lolaadhaan haramaNamnis nyaata malee Anniisaatu hubamaQaamnis wayyaa malee Qorraan saaxilama Sabni seenaa malee Ni jedhama abaaramaa Hibboon deebii malee Haangaa arrabfamaa Aadaan Afaan malee Afaan Aadaa Malee Maalsaatu qeeqamaa ?Beekumsi barnoota maleeAkkamiin argamaa ?Inni dhugaa jaalalli onneerraaAarsaaf wareegama malee Maaliin safaramaa ?Jireenyi dhamaatii malee Eessatti argamaa?Sangaan qalmaaf malee Mee maaliif sooramaa ?Aadaafi seenaa Duudhaafi safuu saba tokkoo Aartiin yoo dhabame Mee maaliin ibsamaa?Waa dubbistu maleeQaroon sammu keetiiAkkamin guutama?

2 Siifsiin Jiildii 5

BARRUULEE KAL AQAA

Fittaalee TarreechaaBarattuu Kutaa 9ffa

+251 940311280

Eebbisaa Baayisaa Abeetuu [email protected] +251 913 24 87 79

BARRUULEE KAL AQAA

U ummanni Oromoo saba ardii Afriikaarra bara durii jalqabee waggoota baay’eedhaaf jiraateef jiraachaa

jiruudha. Biyyi Oromoo kun qabeenyaa uumamaan kan badhaate ta’uu haalli teessumashee kan ifa taasisuudha. Uummanni Oromoo saba guddaafi seena qabeessa gaanfa Afrikaatti argamu keessaa isa tokkoodha. Kanaaf sabni tokko yookaan namni tokko waa’ee eenyummaasaafi qabeenyaa isaa baruun akkasumas beekee kununsuuniifi dhaloota dhufutti dabarsuun barbaachisaadha.

Oromoon uummata guddaa lafa daangaa bal’aa irra jiraatuufi qabeenya uumamaa lakkaa’amee hin dhumne, seenaafi aadaa guddaa akkasumas amantii mataa isa qabuudha. Walumaa galatti uummatichi biyya badhaatuu qaba. Afaan dhalootaa uummatichi dubbatu Afaan Oromoo jedhama. Haa ta’u malee yeroo ammaa kana uummatichi afaan gara garaa dubbata. Afaan Oromoo hedduminaan nama dubbatuutiin ardii Afrikaa keessatti afaan Arabaafi afaan Hawusaatti (ummata Nayjeeriya kessa jirutti) aanee sadarkaa 3ffaa irratti argama. Baayyinni uummata Oromoo yeroo ammaa miliyoona 50 olitti tilmaamama. Ummati Oromoo gosa Kuushi irraa madde.

Oromoon akka Oromummaa isaatti Kuushota kaan irraa afaanii fi aadaa isaa qabatee foxxoqee sochii isaa kaabaa kibbatti adeemsisee tureefi ummata qaroominaan beekamuudha. Uummanni Kuushi kun naannoo bahafi kaaba bahaa Afrikaa kanatti seenaa jireenyaa waggoottan 8,000 ol qaba jechuun kan heeran akkuma jiran hunda, seenaa waggoottan 15,000 ol ta’e akka qabu kan himanis jiru. Fakkeenyaaf, tooftaa saayinsii qormaata firooma afaanii irratti hundaa’udhan qorataa fi barreessan seenaa piroofesera Kirstofer Ehret jedhamu Kuush seenaa waggootaa 12,000 hanga 14,000 ga’u akka qabu mirkaneessee jira.

Gama biraatiin immoo uummatuma ’Kuush’ jedhamee beekamu kana “Kuushaa” ykn“Kaasaa” kan jedhanii waamanis jiru. Kanas ta’ee sana maddaa maqaa “Kuush” ykn “Kuusaa” ykn “Kaasaa” jedhu ilaalchisee odeeffannoon jiru akka mul’isutti maqaan “Kaasaa” jedhu kan dhufe afaan

Kuush irraa ta’ee jechoota “Ka”fi “Saa” jedhaman irraa akka ta’eedha. Akka afaan Kuushitti “Ka” jechuun Waaqa jechuu,“Saa” jechuun immoo ummata jechuu yommuu ta’u walitti “Kaasaa” ykn “Kuusaa” ykn “Kuush” jechuunis “Uummata Waaqaa” jechuudha jedhama. Haa ta’u malee madda hundee sanyii Oromoo fi dhaloota Afrikaa durii kan ta’e ummanni Kuush maqaa “Toophiyaa (Aethiops)” jedhamuun waamamaa ture.

Maddi isaas “Aetiops” kan jedhu jecha afaan Giriikiiti. Kanaafuu Oromoon maatii Kuush keessaa isa tokko ta’ee damee Kuush Bahaati. Kuush dameewwan adda addaatti qoodamuu kan jalqabe dhaloota Kiristoos dura bara 5000 dura irraa eegaleetu Lafti gaanfa Afrikaa keessatti Oromoon irra tamsa’ee qubatee jiru Oromiyaa jedhama. Oromiyaan biyya Oromooti. Biyyi kun teessuma lafaatin gaanfa Afrikaa, Impaayeera Xoophiyaa keessatti argamti. Oromiyaan bal’ina lafaatiin biyyoota Afrikaa 50 ol ta’an keessaa sadarkaa 18ffaa irratti argamti. Haalli qilleensa Oromiyaa jireenyaafi oomishaaf baay’ee mijataa, kan ho’aa ykn qabbanaa’aa jedhamee hindaangeffamne, qilleensa qabbana’aa ho’aatti madaalu giddu galeessa qabdi. Haalonni qilleensa baddaa, baddadaree fi gammoojjii biyyittii keessatti nimul’atu. Haalli qilleensa Oromiyaa kunis waqtii afuritti hirama. Isaanis, birraa, bona, arfaasaa fi ganna jedhamuun beekamu.

Oromiyaan uumamaan badhaatuu yoo taatu, lafa gabbataa qonnaafi bosonaaf tolan kan qabdu qofa osoo hin taane, lafa kana keessatti albuudaa garagaraa heddutu argamu. Albuudoota Oromiyaan qabdu keessaa albuudoota sibiilaa kanneen akka warqee (dahaaba), meetii/Warqee, Silver, pilaatiiniyeemii, yuuraaniyeemii, nikeelii (nickel), Koopparii (copper)fi ayiraanii (Iron)fi albuudota sibiiloota kanneen akka dhagaa marbilii, boba’aa (natural gas), soogidda, kasala (Charcoal), suphee siirasmeeksii, simmintoo (cement)fi kkf maqaa waamuun ni danda’ama.Oromiyaan bineensota bosonaa kanneen akka leencaa, qeerransaa, arbaa, bosonuu, jaldeessa, qamalee, saattawwaa, gafarsa, karkarroo, booyyeefi kkf qabdi. Qonnaan bultonni Oromoo beelada

Oromiyaa Badhaatuu

Page 3: Seensa -   · PDF file11 Aadaa fi dubartoota –Ga’ee dubartii sirna gadaa keessatti. ... Akka aadaa Oromootti gochi waa qaluu dhiiraan ... yeroo buttaa qalaniifi kan

Siifsiin Jiildii 6 5

BARRUULEE KAL AQAA

valley) keessatti argaman hedduudha. Kanneen armaan olitti tuqaman akkuma fakkeenyaatti taa’an malee qabeenya uumamaa Oromiyaan qabdu mara tarreeffamee hinhobbaane.kunnis sabbni oromoo ammas ta’e duranis biyya Impa’eera Itiophiyaa kana keessaatti qabeenya qabuun akkasumas beekumsa isaan shoora gudda kan rawwata tureef jiru ta’u isa kan halaamuu ta’u hinqabu . Kunis sabni Oromoo saba bay’eefi saba gudda gaanfa Afirika isa tokkoffaafi inni irraa jiratu iddo laliistuu kan waamaraan badhate ta’uun beekamaadha. Haata’u malee, kana duwwadha jechuun hindanda’amu; qabeenyaa hedduun illee kan namoonni hinbeekne baay’ee akka jiran beekamaadha. Kanaafuu, hamma danda’ametti eeguuniifi kunuunsuun akka hin mancaanetti itti fayyadamuun akkasumas namoota hinbeekne barsiisuun ga’ee hunda keenyaa ta’uu qaba.

kanneen akka saawwaan (sa’aafi sangaa), re’ee, hoolaa, farda, gaangee, harree, lukkuu (hindaanqoo) fi kkf bal’inaan horsiisu. Lafti Oromiyaa midhaan kanneen akka xaafii, boqqoolloo, garbuu,ataraa, baaqelaa, mishingaa, qamadii, shunburaafi gaayyoo, loozii, akkasumas bunaa fi jimaafi kkf biqilchiti.

Oromiyaan lageen, haroowwan, gaarreewwanii fi bosona baay’ee qabdi. Lageen hedduun har’a baha Afrikaatti argaman keessaa irra guddaan isaanii Oromiyaa keessaa maddu. Isaan keessa lageen akka, Abbayya (Mormor) ykn Naayilii gurracha (Blue nile) kan jedhamu, Hawaas, Waabee, Gannaalee, Gibee, Dhidheessa, Soor, Weeyibii fi Gabbaa maqaa dhahuun ni danda’ama. Haroowwan Oromiyaa keessatti argaman keessaa, Naannoo Bishooftuutti haroowwan ja’atu argamau. Kan biraanis kan akka Qooqaa, Laaqii Dambal, Laanganoo, Shaalaa, Abiyaataa, Dandii, Wancii, Fincaawaa, Haromayaa, Ashangee fi Hayiqi (Wallo keessa) beekkamoodha. Oromiyaa keessa kan jiran gaarreewwan akka Kaarraa, Enkelloon, Baatuu, Tulluu Walal, Baddaa Roggee, Cuqqalaafi Gaara Mul’ataafaatu jiru. Bishaan ho’aa Oromiyaa keessa jiran keessaa Finfinnee , Ambo, Wanci, Walisoo, Soodaree, Gargadii, Wandoofi kanneen sulula guddaa (Rift

J echi “Buna” jedhu aragamnisaa Oromiyaa keessa ta’ee yeroo amma kana biyya keenyaafi addunyaa mara kessatti faayidaa

garaagaraa irra oolaa kan jiruudha. Jechi ‘’qalaa’’ jedhu ammoo gochima; ‘qaluu’ jechuunis morma kutanii ajjeesuudha. Kutaa kana keessatti garuu jechi qaluu jedhu dhiiga buusuu utuu hintaane, raawwii adeemsa hanga nyaachuutti keessa darbu kan agarsiisudha. Jechi ‘buna’ jedhus kophaasaa dhaabbachuun bifa nyaata aadummaasaa akka hin orkanneefidha. Kanaaf, akka waan bunni mallattoo dhiiga qabeessaafi foon uffataatti bakka bu’ee calaqqisa. Kun ammoo mallattoo dubartiiti; mallattoo yeroo dhiigni dhangala’uutis. Gochimni ‘qaluu’ jedhuudhangala’uu dhiigaa mullisa.

Akka aadaa Oromootti gochi waa qaluu dhiiraan akka raawwatamu beekamaadha. Haata’u malee, gochi buna qalaa dhalaan kan raawwatamudha. Kun ammoo durbaan utuu hin taane dubartiin kan raawwatamudha. Kunis kan inni calaqqisiisu dubartiin haadhummaasheef guutummaatti ajjeeffamuu barbaaduushee agarsiisa. Kunis gara laafummaa haadhaa kan calaqqisiisudha.

Amantiifi aadaa Oromoo keessatti bunni akkaataafi yeroo adda addaatti dhimma itti bahama. Fakkeenyaaf, buna qalaan korma qalmaa ayyaanaaf qophaa’u waliin wal gita jedhama. Buna qalaan akka buna isa danfisanii yeroo mara hin

qophaa’u. Waggaatti yeroo tokko yookaan ammoo ta’iiwwan hawaasaa adda ta’an kan akka ayyaana abbaa, ayaana Nabiifi bakka tokko tokkotti kan araara Waaqaa ittiin kadhatanidha. Kana malees, buna qalaan jila yookaan sagantaa gurguddaa irratti dhimma itti bahama. Isaan keessaa buna qalaan yeroo gaa’elaa, yeroo warri Abbaa Gadaa aangoo walitti dabarsan (baallii walirraa fuudhan), gumaafi gumee, yeroo buttaa qalaniifi kan biroollee akka aadaatti itti gargaaramamu.

Buna qalaa qopheessuuf kanneen barbaachisan buna duudaa, dhadhaafi mi’eessituuwwan garagaraati. Sana booda buna duudaa funaanamee filatame keessaa qulqullaa’ee dhiqamuun akka bilchaatu yookaan akkaayamu ta’a. Sana booda, dhadhaa xuwwee baqaa yookaan danfaa jirutti naqama. Haaluma kanaan, akka dhadhaa qaama isaatti fudhatuuf irra tursuun sirriitti bilcheessanii sochoosu. Yeroo sirriitti bilchaatu waciitiitti garagalchuun nyaataaf akka qophaa’u taasifama. Nyaanni kunis, baay’inaan kan qophaa’u yeroo kabaja Ateetee facaafatan, yeroo dubartiin dhala dhabdee kadhannaadhaaf dhiyaattu, yeroo ayyaana loonii, yeroo dubartiin ciniinsifattu, ciniinsuufi erga of kalteen boodas Waaqa ittiin galateeffachuuf hedduu itti gargaaramu. Nyaanni addaa kun dhimma adda ta’eef waan qophaa’uuf, firootniifi olloonni waamamanii waliin gammadanii nyaatu. Bunni qalaan qophaa hin nyaatamu. Akka ilaalcha Gosa Oromoo Maccaatti buna qalaa “alanfachuu” jedhama malee nyaachuu hin jedhamu. Buna qalaan qoonqoodhaaf qophaa’a utuu

hinta’in dhimmoota kadhaafi galateeffannaa Waaqayyootiif kan qophaa’uudha.

Tartiiba qophii buna qalaaBuna qalaan akka buna jabanaatti danfuu yeroo hunda hin qophaa’u. Akkasumas, buna qalaan buna jabanaatti danfu caa-laa safuu akka qabutti beekama. Buna qalaa qopheessuun akka buna jabanaat-

ti danfu sanatti salphaafi yeroo gabaabaa keessatti waan raawwatullee miti. Qophii

buna qalaaf jalqabarratti bunni jiidhaan guuramee aduu keessatti akka gogu taasifama.

Warri buna qe’eetti marge hin qabnes yoo jiraatan

Buna(Killa Qalaa)BARRUULEE KAL AQAA

Bosona Uumamaa

Gaarreewwan Hawwata Tuurizimiif Oolan Bineeldota Bosonaa

Naannoowwan Miidhagoo

Bineeldota Manaa

4 Siifsiin Jiildii 6

Alembirihaan [email protected]+251 911 782 685

Page 4: Seensa -   · PDF file11 Aadaa fi dubartoota –Ga’ee dubartii sirna gadaa keessatti. ... Akka aadaa Oromootti gochi waa qaluu dhiiraan ... yeroo buttaa qalaniifi kan

6 Siifsiin Jiildii 6 Siifsiin Jiildii 6 7

kanuma duraan goggoge gabaadhaa buna duudaa bitatanii qopheeffatu. Buna qophaa’e kana keessaa firii sagaltama maqaa Waaqa sagaltama gabraatiin, firii sagal maqaa Waaqa salgan Booranaatiin, firii torba maqaa Waaqa torban Baarentummaatiiniifi firii shan ammoo maqaa Waaqa shanan Gadaa Oromootiin erga lakkoofsaan fuudhanii booda walitti dabaluudhaan qulqullinaan dhiqama. Firii bunaa tokko tokkoon funaanuun ilkaaniin yookaan qeensaan funyaan buna duudaa sana irraa ciraniitu akka buna qalaaf mijatutti qopheessu. Akka aadaa Oromootti buna qalaan yeroo qophaa’u meeshaa sibilaa irraa tolfame tasa dhimma itti hin bahan. Akkasumas meeshaa sibiilaan hin tuqsiifaamu. Qopheessuusaatii kaasee hanga nyaatasaatti suphee, fal’aana mukaafi gaanfatu dhimma itti ba’ama. Kanaafuu, haala tartiiba bunni qalaan itti qophaa’uufi eebbisuu (kadhaa yeroo bunaa) haala armaan gadiin haalaallu.

A. Bunni duudaan mataan irraa kutama.Bunni duudaan mataansaa irra kutamee dhadhaa baqsaa keessatti bilcheeffama. Dhadhaan ija buna banamee jiruutti gala. Iji bunaa kun sababii boca isaatiif mallattoo akka qaama dubartiitti fakkeeffama. Jalqaba irratti dhadhaatti utuu hin nam’iin bunni duudaan hundinuu fiixeensaaa kukkutamee qophaa’a. Warri jalqabaa sadanis Waaqa kadhachaa kukkutu. Sadan kunis warra hundarra gaarii ta’antu filatamu. Yeroo buna duudaa isa duraa kutan ‘’YaaWaaqayyo ,waan hamaa hundaa nurraa kuti” jedhameetu kadhtama. Yeroo buna duudaa isa lammaffa kutan “YaaWaaqayyo, dhukkuba nama ajjeessu nurraa kuti” jedhameetu kadhtama. Yeroo buna duudaa isa saddaffaa kutan “YaaWaaqayyo, jecha hamaa nurraa kuti” jedhameetu kadhatama. Dhummarrattis “buna qalaa guutuu” jechuudha. Yaa Waaqayyo halkaniif guyyaa dhala baay’ee keessaa (daa’imoota, beeyladootaaf callaa midhaanii) nuujiraachisi jedhama.

B. Dhadhaa Baqsuuf SochoosuuDhadhaan uumamuumasaan mallattoo Saawwaniiti. Kana jechuun hormaata faana walqabata jechuudha. Gocha kana keessatti dhadhaan bunaan mi’aayee akkasumas, bunnis dhadhaatiin baay’ee dhandhama gaarii argata. Gochi kun mallattoo walquunnamtii saalaa yeroo ta’u, dhumarratti bunni yeroo inni dhowu mallattoo bu’aa walquunnamtii saalaa jechuunis

dhalchuu daa’imaa bakka bu’a jechuudha. Gochaa kana keessatti walhormaata namaa duwwaa utuu hin taane kan Loonii, Hoolaafi kan sanyiiwwan laffarra quqquuqanii biqilanii hundaa hammata. Kun dhoksaa guddaa buna qalaa keessaan ilaalamudha. Dubartiin utuu ilkaansheetiin buna duudaa mataasaarraa hin kukkutiin dura dhadhaa urgooftuun makame Xuwwee supheetti ibiddarra keewwatti. Xuwween- suphee kana qofaaf fayyadu kunis “Waciitii“ jedhama. Innis duraa ndursee baala eebichaatiin qulqulleeffama. Akka ilaalcha namootaatti mukti eebichaa baallisaa hadhaa’a, daaraaransaafi urgaansaa namatti kan toluf damma mi’aawaa kennu kun arjummaafi qulqullummaa Waqaayyoo mul’isa. Waaqni muka kana nijaallata jedhu. Akkuma dhadhaan baqeenis dubartiin karaa qaawwaa afaan waciitiitiin qodaa kan biraatti calalti. Kunis akka udaan dhadhaa waaciitii keessatti hafuuf taasifama. Achiis waciitii qulqulleessitee dhadhaa qulqullicha itti deebisti. Itti aansitees buna qalame dhadhichatti dabaltee muka gababaadhaan sochoosti. Hundi kun kan raawwatus, utuu waciitiin sumsuma cina taa’uuti. Kana gidduuttis kadhata tokko tokko dhiyeeffatti; fakkeenyaaf, “YaaWaaqayyo, wantan godhadhu hundaa akka isaan sirriitti naaf guddatan taasisi, du’a irra naaf eegi (ijoollee, jabbiilee, midhaan) yaa Waaqayyo waan gaarii gadi nuuf ergi (isaanis bokkaa malee cabbiif bakakkaa miti); lafti waan gaarii nuuf haa laattu (midhaan gaarii namootaaf,marga gaarii horiif) jechuun kadhati namaa gara Waaqayyootti dhiyeeffama.

C. Waciitii ibiddarra kaa’uuWaciitiin fakkeenya sanyii yookiin qomooti. Waciitiin biyyoo suphee dhandhoname baay’ee irraa hojjetama. Akkasumas, dhandhonaan suphees biyyee kaballaa baay’ee irraa hojjetama. Kanaafuu,walitti fufiinsa hidda sanyii qomootti fakkeeffama. Akkuma afwalaloon armaan gadii kun jedhutti:

‘’Waciitii diinqarraa biyyoo qobobichoo; Wajjiniin miidhagnaa yaaqomookoo,ishoo!’’jedhameetu dargaggootaaf namoota sanyii tokkootiin sirbama. Dubartiin yeroo waciitii qabattu ilaalcha akkasii kana sirriitti qabatteetu. Akka abbaa manaa isheetiif ilmaan hortee sanyii isaa itti fufsiistuuf, guddinaafi jabina isaaf ta’us beekti. Erga buna duudaa dhadhaatti naqxee booda, isheen waciitii fuutee gara ibiddaatti

BARRUULEE KAL AQAA

Beekan Gulummaa [email protected]+251 911 074 437

geessitee itti aggaamtee, akkas jechaa deebifti: “Ilaa yaa bunakoo, ibidda irraa sideebiseera; atis akkasuma waan hamaa hundaa narraa debisi’’ jetti. Erga kana jettee booda waciiticha sunsumarra akkas jechaa keessi “Ilaa bunako, abiddaan siga’ee, akkasuma atis akka nagaan naaf dhufu godhi” jetti. Yeroo waciitiin ibiddarra taa’u akkana jechuun itti dabalti. “Yaa bunakoo yeroo dhodhootu, nagaa guddaa dhuma hin qabne nuuf laadhu. Yeroo kadhattu buna mataa isaa kadhatti utuu hintaane, Waaqayyoon kadhatti. Kanaafi yeroo waciitii ibiddatti geessitu kan isheen “Ilaa Waaqayyo ani garakee dhufeera; garakoo kottu, waan hamaa hundaa narraa fageessi jettuuf”. Yaa Waaqayyo ani garakee dhufeera eebbikee narratti haa hafu jetti.”

D.Yeroo dhadhaafi buna sochoostuYeroo bunaafi dhadhaa sochooftu gara walakkaa sa’atii olfudhachuu danda’a. Kana gidduutti kadhata xiqqoo kadhachuu itti fufti. Fakkeenyaaf:

“Hoo Waaqayyo, halkan akka nagaan bullu nu taasisteettaGuyyaas naagaan akka oollu nu taasisi.Kan facaafanne akka margu (biqilu) godhi;Kan biqile akka bilchaatu godhi.Xinnaa keenya nuuf guddisi;Ijjoolleen warra haa awwaaltu;Kan guddate haa bulu.Qotiyyoon keenya waanjoo jala haa bultu.Saawwi okoleerra haa bultu.Waaqarraa (samiirraa) waan gaarii nuuf laadhu; lafa keessaas waan gaari nuf baasi.Dhukkubsataa fayisi;Kan gaddan jajjabeessi;Jaarsolii /maanguddoota hirkisi;Xiyyeeffannoon buna qalaashee ayyaana guddaa fulduraan dhufaa jiru taanan, kadhata isheetti

waa’ee ayyanichaa itti dabaluun kadhatti.Guyyaa galata galchuu saawwa dhaabbatan, beerran akkas jechuun kadhatu:“Yaa Waaq, saawwaafi jabbiilee wal bira bulchi,Hadha ilmoo irratti fayyaa godhi;Ilmoo haadha jalatti bulchi.Jabbiin kun mee kennaakee nuuf hataatu,Okolee aannan fannisu irra nu oolchi.Itittuu dhabuu nu oolchi;Dallaa horii gombisuu irraa nu olchi.”Gaafa ilmi fuudhu, haatisaa akkas jechuun kadhatti, “Yaa bunakoo ,haadha manaa ilmakoof ilmaan laadhuuf (Ijoollee, jabbiilee, hoolota) ,Ijoollee haa godhattu, umurii dheera haa qabaattu, fayyaa buleettii haa taatu, nagaa hin dhumne haa qabaattu. Yaa waaq afaankoo haa hubattu, ittis haa gammaddu, afaan ilmakootiis haa hubattu; ittis haa gammaddu; Waliin ilmaan haa horan.” jechuun eebbisti.

Kadhata Yeroo bunni dhowu taasifamuUtuma dubartiin buna qalaa tochooftuu tasa bunni inni duraa ‘xas xas’ sagalee jedhu dhageessisuun afaan banata. Battaluma inni duraa ‘xas’ jedhutti isheen “Ashamaa, bunnikoo nagaa fiduuf ‘xas’ jedha. Achitti afaan banattee maaloo nagaa naaf hawwi, jecha hamaa hundumaas anarraa fageessi” jetti. Bunni yeroo inni afaan saaqqatee ‘xasxas’ jedhu ‘in dhadha’ate’ jedhama.Akkuma gootni ajjeese dhaadatu geeraruu yeroo jalqabutti “gama dubartittiinis dhaadhachuun buna qalaa akka mo’icha yeroo dubartiin mucaa deesse dhageessistutti hiikama. Gootni inni ajjeese lubbuu isaa lafa onaa (gammoojjii) keessatti jireenya isaa wareeguu keessa darbee mirga bira akkuma ga’u, dubartiinis gammachuuf mirga mucaa argattu dhageessistu bira kan geessu dadhabbii yeroo ulfaafi ciniinsuu da’umsaa wareegama lubbuu gaafatu keessa waan dabartuuf walfakkaata. Akkasumas, hiiki lammaffaa inni qabu: jaarsi bule tokko yookaan abbaan ijoollee du’uuf ka’e dhadhaa’atu utuu lubbuun keessaa hin ba’in isa inni dubbatee eebba isa dhumaa ijollee isaaf laatuun walfakkaata.

BARRUULEE KAL AQAA

Page 5: Seensa -   · PDF file11 Aadaa fi dubartoota –Ga’ee dubartii sirna gadaa keessatti. ... Akka aadaa Oromootti gochi waa qaluu dhiiraan ... yeroo buttaa qalaniifi kan

8 Siifsiin Jiildii 6 Siifsiin Jiildii 6 9

Dandeettii fi ga’umsa ofii beekuuA kkasitti yaaddee beektaa? Namni kam

iyyuu ga’umsaa fi dandeettii addaa wajjin akka uumame? Utuu namni hundumtuu

gahumsa fi dandeettii isaa hubachuun itti fayyadamee maaltu ta’a jettee yaaddaa?

Hamma dandeettii keetii fi gahumsa kee yeroo tilmaamtu hanga yoonaatti hagam irraa fayyadamtee jirtaa? Hammi dandeettii fi gahumsa kees hagam guddataa? Kana beekuun waan guddaadha.

Kutaa kana keessatti waan ani jala muree dubbachuu barbaadu; dandeettii fi gahumsa guutuun gara addunyaa kanaa dhufuu keeti. Egaa addunya kana keessatti jijjiirama akka fidduuf boca isaas akka tolchituuf dandeettii fi gahumsa isaa wajjin uumamte. Suuraan kanaa gadi jiran iif namoota dandeettii isaan keessa jiru haga tokko itti fayyadamaniif itti hin fayyadamin, adda baasee kan nama barsiisuudha.

Suuraa kanaa gadii ilaali:

Maal argite? Birciqqoon kun bishaan qabamoo, duwwaadha?Birciqqoon kun bishaan guutuu qaba; garuu duwwaa fakkaata. Sababii inni duwwaa fakkaatuuf; osoo xiqqoo bishaan irraa dhangalaafnee bishaan qabaachuu isaa sirriitti beekuu dandeenya.

Dandeettii fi gahumsi namaas akkasuma yoo namni dandeettii isa keessa jiru baasee itti fayyadamuu danda’e qofa beekumsi isaa beekamuu danda’a. dandeettiin nama tokkoo, egaa yoo ba’ee mul’ate malee ibsaa gaanii keessaa ta’ee hafa. Beekumsi namaa akka ardii Antaarkitikaa ta’uu hin qabu. Aardiin Antaarkitikaa akka inni addunyaa kana irra jiru namni hundi beeka garuu kan dhaqee irra jiraatu hin jiru. Kanaafuu dandeettii fi gahumsi ati qabdu akka beekamu yoo barbaaddee itti fayyadamii namootatti mul’isi ykn hubachiisi!

Mee suuraa kanaa gadii immoo haa ilaallu:

Fakkii kana irraa maal hubatte?: Amma haala salphaadhaan bishaanni birciqqoo walakkaan jiraachuu isaa hubachuu dandeessa jedheen amana. Hubadhu utuu bishaan irraa hin dhangalaane ta’ee akkasitti haala salphaadhaan waa’ee isaa himuu hin dandeessu. Amma namni kam iyyuu bishaanni hangamii as birciqicha keessa akka jiru beekuu ni danda’a. Yeroo bishaannichi dhangala’uu jalqabe irraa kaasee hangi dhangala’e beekamaadha. Kun dandeettii fi gahumsaa namaa wajjin sirriitti wal fakkaata. Namootni yeroo ati dandeettii kee fi gahumsa kee fayyadamuu jalqabdu sirriitti dandeetttiikee beekuu jalqabu.Hubadhu, Obbo Abarraa Tolaafi Baarak Husseen Obaamaan kutaa tokkotti waliin barataniiru. Yeroo

dheeraadhaaf wal beeku. Garuu akka Obaamaan pirezedaantii Amerikaa ta’u namni tilmame hin jiru. Inni iyyuu ofiisaa pirezedaantii Amerikaa ta’uuf akka milkaa’u hubachuu isaa hin beeku ture. Amma garuu pirezedaantii Ameerikaati. Kun nama hin ajaa’ibsiisu. Sababiinsaas innis ta’e namoonnis yoo tilmaamuudhaa baatan illee dandeettii fi ga’umsa pirezedaantii Amerikaa ta’uu wajjin uumameera. Sababii inni milkaa’ina kana argates dandeettii isa keessa jiru coree itti fayyadamuusaatiif. Akkasumas saayintiistiifi piroofeser Gabbisaa Ejjetaas ilaaluu dandeenya. Maatii hiyyeessa keessatti guddate. Haati isaas rakkina guddaan akka isa guddifte seenaan ni hima. Yeroo inni adeemsa jireenya milkaa’ina isaa hin jalqabin, namotni isa argan piroofeesaraafi Saayintistii ta’uu isaa waan tilmaaman natti hin fakkaatu. Garuu erga inni dandeettii fi ga’umsa isaatti fayyadamuu jalqabee booda midiyaaleen addunyaa fi namootni hedduun dandeettii fi ga’umsa guddaa qabaachuu isaa beekaniiru. Qorannoo gadi fageenya qabu geggeessuu isaatiinis sanyii bishingaa haaraa ardii Afrikaaf abuuree jira. Kana gochuu isaatiinis badhaasa pirezedaantii Amerikaa, Obaamaa harkaa fudhatee jira. Albert Insta’in seenaa walfakkaatu qaba. Innis daree barnoota baratu keessatti waan baratu ija addaan waan ilaaluuf yeroof nama isa hubatu dhabee ture. Garuu utuu abdii hin kutatin carraaqqiisaa itti fufuudhaan waan isa keessa jiru itti fayyadamuudhaan milkaa’eera. Dhumarrattis qorataa addunyaa kana irratti dhalate keessaa namni hamma isaa sammuu waa dafee yaaduu hin qabu jedhamee amanama. Foormulaawwan herregaa inni argate yeroo ammaa qilleensa keessa barbaadamaa jira. Kanaafuu namni kamiyyuu dandeettii isa keessa jiru utuu hintuffatin yoo baasee itti fayyadame ofiis milkoomee sabas fayyaduu danda’a. Dandeettii fi gahumsa kee beekteettaa?

Dandeettii fi gahumsa kee fayyadamaa jirtaa?Qixa milkaa’ina keetii arguuf dandeettii kee hundumaa fayyadamaa jirta yoo ta’e ba’eessa. Gaafa hundumaa gaaffiiwwan kanaa gadiif deebii akka laattun si jajjabeessa:Dandeettiiwwan koo fi gahumsi koo maali? Hamma dandeettii koo fi gahumsa koo hangaman beekaa?Mee fakkii kanaa gadii ilaali!Maal hubattee?

Birciqqoon kun duwwaa ta’uunsaa tilmaamuun salphaadha. Duwwaa yoo ta’es akka inni tajaajila kenne beekuun nama hin rakkisu. Birciqqoon kun tajaajila akka inni kennaa ture kan ibsuu cobsaan bishaanii keessaa ni argama.

Akkuma suuraa armaan oliirraa hubannetti namni dandeettii qabu hundumaa utuu hin hambisiin yoo itti fayyadame bu’aa namootaaf taasisee akkuma bishaan birciqqoo sana keessa turee namni dhugee dheebuu itti ba’e akkasuma dandeettii nama sanaatti namooti hedduun itti fayyadamaniiru waan ta’eef fayyadamtooti beekumsa nama sanaatiif dhuga baatota. Egaa birciqqoo duwwaa sana akka fakkeenyaatti kaa’uunkoo namoonni dandeettii isaanii utuu hin hambisin itti fayyadaman duwwaa ta’u jechuukoo utuu hin taane guutummaa dandeettiisaaniitti namoonni akka fayyadamaniif warra carraa banan ta’uusaanii mul’isuuf kan ibsamedha.

Dandeettii fi gahumsa kee guutuun du’uuf deemta moo? Itti fayyadamaa jirta?

Hamma dandeettii fi gahumsa keetii adda baafattee baruudhaan guddisaa jirtaa? Sirriitti hordofuun?

Gahumsikee fi dandeettiin kee ofiikeef qofaa osoo hin taane, addunyaa ati keessa jiraattu kanaaf gumaacha cimaa akka ta’e hubadhu!

Marabbaa Ulfinaa IddoosaaProgram Manager@[email protected]+251 921 511 201

Burcuqqoo bishaan

guutuu qabu

Burcuqqoo bishaan

Walakkaaqabatee jiru

Burcuqqoo bishaanni keessaa

dhugamee dhume

BARRUULEE KAL AQAA BARRUULEE KAL AQAA

Page 6: Seensa -   · PDF file11 Aadaa fi dubartoota –Ga’ee dubartii sirna gadaa keessatti. ... Akka aadaa Oromootti gochi waa qaluu dhiiraan ... yeroo buttaa qalaniifi kan

10 Siifsiin Jiildii 6

H iikoo Ciigoo jechuun dubbii tokko kan hiika adda addaa lama ykn isaa ol qabutti fayyadamuun al takkatti ergaa

ifaafi dhokataa ta’e dabarsuu jechuudha. Ciigoon wantoota gurguddoo sadi of keessaa qaba. Isaanis: Dubbii dachaa, Soorgoo fi Sookkoodha.

–Jechi dachaan maqaa biroo sobbooqoo jedhamu qaba. Darbee darbee namoonni sooressa dubbii jedhaniinillee hin dhabaman. Kunis kan jedhame jechi tokko ergaalee adda addaa dabarsuu danda’uu waan of keessaa qabuufidha. Sookkoofi Soorgoon bakka tokko tokkotti wal duraa duubaan Lafeefi Dhuka jedhamu.

–Soorgoon ciigoo keessatti ergaa ifaa ta’edha. Ergaa ifaan kun qabiyyee walalichaatiin tokko waan ta’eef argachuunsaa xiinxala sammuu hin barbaachisu. Guutummaatti waan walalichi odeessutu soorgoodha.

–Sookkoon immoo ciigoo keessatti dhaamsa icciitii ta’edha. Ergaa dhoksaan taa’e kana argachuuf qoruufi qorachuu barbaachisa. Nama ciigoo dubbisu ykn dubbatuuf ergaansaa inni bu’uuraa sookkoo keessatti waan argamuuf nus kana beekuuf sirriitti qoruufi qorachuu qabna. Dhaamsi kunis qabiyyee walalichaa irratti waan hin hundoofneef muuxannoo duraan dhagahanii beekuu, ykn sammuu qaacimmataa ta’e qoree baasu barbaachisa.

Maloota ittiin Ciigoo Hiikan: Namni ciigoo hiiku nama dandeettii qoruu, qorachuufi xiinxalee laaluu qabu ta’uu qaba. Innis maloota ittiin ciigoo hiikan adda addaa fayyadamuun ta’a. Malootni kunis akka armaan gadiitti eeramu.

Walalicha irra deddeebi’anii dubbisuun jecha, gaalee ykn ciroo ergaa lama qabu barbaaduudha. Harka dhibba keessaa dhibbantaa sagaltamii sagal jechi dachaan toora walaloo isa lammaffaa irratti argama. Kanaaf nus yeroo deddeebinee dubbifnu yaada keenya gara walaloo isa toora lammaffaatti kuffisuu qabna. Erga xiinxallee jecha hiika lama

qabu argannee dhaamsa qabiyyee walalichaa soorgoo, ergaa isa gam dhoksaan jiru immoo sookkoo taasisuun xumurra. Fkn, Namatti tolti haasaan ijoollummaa

Kan nuyi deemnuuf kun dulluma.Walaloo kana irra deddeebinee yoo dubbifne dhumarratti jecha hiika lama qabu arganna. As keessatti jechi hiika lama qabus jecha dulluma jedhu ta’a. Kanaaf,

Jecha dacha DullumaSoorgoo Namni kamuu ni dulloomaSookkoo Kan nu eeggatu lola, dullaadha.

Hoj-manee armaan gaditti kenname kana bakka jirtanitti hojjedhaa! Kan du’e ni awwaalleKan jiru afaan wallaalle

Bineensi hammaate kaanee ariina.Ati cinaan qabda ni kuffisna.Safuu kan hin beekne humnaan jiraata Namni sammuu dadhabaa harka dhaheetu nyaataTokkummaan dhibnaan qawwee lafa keenye

Otoo bira jirruu hundumaa wallaalle.Oromoon sanyii warra guddaati.

Eessuma baddee mugdaa ati?Waan nyaannu dhabnee biyya ormaa deemnee,

Seenaa ijoollee oromoo kan nuun jedhu dhabne.Baranoo shamarree na jaalachiisa.

Yoon jaal’ee dhabe sin yaadachiisa.Kaarruu ilkaan baddeessaa ija bira kuullee,

Hiikoo CiigooAFOOL AA UUMMATAA AFOOL AA UUMMATAA

Aadaafi DubartootaD ubartoonni caasaa hawaasaa keessaa

tokkoodha. Akkuma caasaa hawaasa tokkoottis ga’eefi dirqama isaanii ba’uu

keessatti bakka guddaa haa qabataniyyuu malee, sirnoota adda addaa addunyaan keenya keessa darbite keessatti, sadarkaa hawaasaa keessaa akka gadi aantummaatti, ilaalamaa turaniiru. Biyya keenya keessattiis, jechootaafi mammaaksa xiinsammuu dubartootaa miidhuun akka hacuucamaa turantu himama.  Waa’ee jechootaafi afoola xiinsammuu dubartootaa miidhaan kanaa hayyuun Mutero Joy  jedhamtu kitaaba ishee (Sunday Nation, july 11, 1999, p.16), jedhamu keessatti yoo ibsitu “…traditional folktale have had negative effect on the development of young girls as long as they condition the girls to accept the institution of marriage as the ultimate way of life…” Muteroon barruu ishee keessatti Afoolli keenya maaliif dubartoota gadi qaba jechuun falmiti. Uummanni Oromoos, yeroon booda dhiibbaa biyyoota yookaan saboota ollaa kana qooddachuun, yaada gadi aantummaa dubartootaaf qabu calaqqisisuu haa eegalu malee, akka sabaatti Oromoon ilaachi dubartootaaf qabu daran guddaa akka ture kan agarsiisan immoo ragaalee hedduutu mul’ata.

Aadaa Booranaa keessatti Gumii yookaan kora irratti dhimma dubartiitu dursee ilaalama. Gumiin kora taa’ee dhimma  ilaalamaa jiru afaanii yoo qabaatanillee, dubartiin rakkoon irra ga’ee himachuu kan dhufte yoo ta’e dhimma ilaalaa jiran battala dhaabanii, isheef dursa kennu.

Seenaa waraanaafi lola saboota ollaa waliin yeroo garaagaraa keessatti Uummata Oromoo qunnamaa ture keessattillee dubartoonni Oromoo kanneen ciccimoo ta’an Farda gulufuun dandeettii waraanaa cimaa qabaachuusanii haaluun hindanda’amne. (Kitaaba Takla Tsaadiq Makuraa 1960, seenaa Itoophiyaa mootii Libna Dingilii hanga mootii Tewodiroos maxx. 2fa A.A) keessatti...[ ኦሮሞዎች] ግን ከመካከላቸዉ ድንግላይ፤ ቄስ፤ መነኩሴ፤ ደብተራ፤ ባላገር፤ ነጋደ፤ አልጋ ጠባቂና ጓዝ ጠባቂ የላቸዉም፤ በነፍስ ወከፍ ለጦርነት ይሰለፋሉ፡፡ ከብትና ቤት የሚጠብቁ ሴቶችና ሕፃናቶች ናቸዉ፡፡ ከሰቶች እንኳን ኀይለኞቹ በሰንጋ ፈረስ እየወጡ፤ ሎጋቸዉን ይዘዉ ይዋጋሉ...]

Dubartoonni sirna gadaa keessatti Abbaa Gadaa waan hin taaneef, gadaan dubartoota ni qooda jechuun hirmaannaan dubartoonni Sirna Gadaa keessatti qaban kan duraa dhokatu tokko tokkos ni jiru. Mee hirmaaannaa dubartoonni sirna gadaa keessatti qabaniifi haala kamiin akka hirmaatan, haa ilaallu. Gaaffiin asirratti ka’uu qabuufi hubatamuu qabu garuu sirni gadaa, Aangoo Abbaa gadummaa dubartootaaf hin kennine yaada jedhumoo? dubartoonni gonkumaa sirna gadaa keessatti gahee hin qaban kan jedhudha? Dhugaan jiru garuu, yoo dubartoonni sirna gadaa keessatti hin hirmaatiin, gadaanuu hin gaggeeffamu. Gaggeeffamuu mitii gadaanuu hin qajeelu nama jechisiisa. Yaada kana boodatti kan itti deebinu yoo ta’u sababoota muraasa akka dubartoonni dirqama sirni gadaa ajaju keessa darbuu hin dandeenye godhan haa ilaalluu.

—Rakkoo Baayoolojikaalawaa: Rakkoo baayoolojikaalawaa yeroo jennu; dubartoonni,

Inkoosaa Namoo Mul’[email protected]+251 910 566 487

Siifsiin Jiildii 6 11

Page 7: Seensa -   · PDF file11 Aadaa fi dubartoota –Ga’ee dubartii sirna gadaa keessatti. ... Akka aadaa Oromootti gochi waa qaluu dhiiraan ... yeroo buttaa qalaniifi kan

12 Siifsiin Jiildii 6 Siifsiin Jiildii 6 13

uumamaan xurii (laguu) ji’aa waan arganiif, dirqama sirni gadaa ajaju kan akka; godaansa jila deemuu (godaanuu), duulaafi kan kana fakkaatan keessatti hirmaachuun dirqama kana galmaan ga’uu keessatti rakkoo waan itti ta’uufidha jadhama.

—Rakkoo gaa’eelaa waliin walqabate: Kunis dubartoonni yeroo heeruman, maatii isaaniirraa addaa ba’uun gara maatii abbaa manaa isaaniitti waan makamaniif Sirni gadaa ammoo, gurmuu sadarkaa gadaafi ijaarama miseensa gadaa caasaa hin diigamneen waan ijaarameef wal falleessuu danda’a. Kanaaf sirni gadaa baduu ykn addaan cituu danda’a jedhanii waan amamananiifidha.

—Inni sadaffaan, akka ilaalcha Oromootti dubartoonni muka laaftuudhaa jedhama. kunis, akkuma armaan olitti ilaaluuf yaalleetti jabina qaamaa waliin wal qabata. Kanaafuu, balaan yoo isaan mudate, salphaatti waan miidhamuu danda’aniif  dirqama sirni gadaa ajaju galmaan ga’uu dhiisuu danda’u yaada jedhu of keessaa qaba.  Kun egaa, kan calaqqisiisu, hirmaannaa dhabuu dubartoota osoo hin ta’iin dirqama sirni gadaa ajaju galmaan ga’uu keessatti rakkoolee isaan qunnamaniidha.

Hirmaanna Dubartootaa Raawwii Sirna Gadaa keessatti. “Dubartoota malee Gadaan Guutuu hin ta’u!” kana jechuu waanti nama dandeessisu; jalqabarratti dubartoonni caasaa sadarkaalee gadaa keessa hin darbiin malee ilma deessee guddisuufi sirna gadaaf qofa osoo hin ta’iin kan biyya bulchuufi duulee biyya eeguuf geessisuun kan bakka gudda qabduudha.

Kanamalees, raawwii sirna gadaatiif dhangaafi meeshaalee adda adda kan qopheessuu dubartoota. Dhangaan qophaawwus qodaa shan jedhama, qodaan shanan kunis; qorii, caccabsaa, cuukkoo kan qabatu yoo ta’uu, yeroo Abbaan manaa ishee gadaa qabatu foolleen akka hin abarreefi   akka gadaan abbaa manaa ishee hanquu hin taaneef kan qophaawuudha. Yeroo Abbaan manaa ishee gadaa qabatu, niitii (haati warraa) isaa ammoo uffata aadaa uffachuun meeshaalee Aadaa kana akka okoleefi gadii qabattee cina deemti. Okoleefi gadiin kunis, mallattoo hormaataafi kabaja looniif qaban kan mul’isuudha.

Akka maanguddoonni jedhanitti, yeroo dhiirri gadaa qabatu obboleettiin shaashii mataa isaatti maruufiin seera jedhu. Kunis waa lama ibsa. Tokkooffaa; shaashii sana obboleessa isaanii gadaa qabateef mataatti maruun, hirmaannaa dubartootaa ykn qooda qabaachuu dubartoota kan mulisu you ta’u, gama biraatiin ammoo, isheenis ofkalteetti yookaan gadaa qabateetti jedhamee amanama.

Sababiin inni ol’aanaa gadaan dubartoota malee guutuu hin ta’u akka jennu kan nu taasise, jalqaba yeroo namichi gada qabatu sun akka haati warra isaa seera guutuufi qabdu gaafachuun seera qabaachuu ishee mul’isa.

Namichi gadaa qabachuuf jedhu sun, akka carraa ta’ee, fudhee kan hiikee ta’uu danda’a. Hiikees   isheen jalaa baatee nama biraatti heerumuu dandeessi. Yookaan du’aan dhabuu danda’a. Hiikees dubartii biraa fuudhuu danda’a. Kanaaf seera kana kan guutuuf eenyuu? Akkamitti jechuun gaaffii uumuu mala. Jalqaba, namichi gadaa qabatu kan hin fuune yoo ta’e, Kan seera guutuufi obboolettii ykn firaa aanteedha. Itti aansuun ammoo namichi gadaa qabachuuf jedhu kun fuudhee yoo jiraatee, haadha manaa isaatu seera kana guutaaf.

Yoo kan fuudhee hiike ta’e ammoo bakka isheen jirtu barbaadee akka isheen seera guuttuufiif nigaafata. Isheenis, seera kana guutuufiif dirqama qabdi. Seera Gadaatiin kennameef waan ta’eef. Namichi sun erga hiikeellee haadha manaa biraa kan fuudhe yoo ta’e, seera kana guutuufi kan danda’u haadha manaa ishee duraati. Sababiin isaas, haadha mana qarree, kan Rakoo itti qalan waan taateef. Angafummaafi safuun kan ishee duraati. Kanamalees, yoo kan jalaa duutee taatellee, jalqaba bakka awwaala ishee irra dhaabbachuun “Koottu seeraa naa guutii” jechuun yeroo sadii gaaffiin sagalee dhageessisa. Sana booda, haadha manaa boodarra fuudhee yoo qabaate yookaan obboleetti isaatti tumaa seeraa tumuun, seera kana akka guuttuufiif qopheeffata jechuudha. Kunis seera qabeessummaa ykn seera, sana guutuuf dubartoonni hammam barbaachisoo akka ta’an hubachuun nama hinrakkisu. Dubartoota Sagantaa Eebbaafi Kadhannaa Irratti. Sagantaan eebbaa raawwii sirna gadaa keessatti isa ol’aanaadha. Yaad-rimeen eebbaa

AFOOL AA UUMMATAAAFOOL AA UUMMATAA

waa lama ofkeessaa qaba. Inni jalqabaa Eebbaa jechuun, waan uummataaf barbaachisu waan akka tolu barbaadaniifi eebbisuun qaqqabsiisuu ykn badhaasuu ykn, waan uummataaf gaarii hin ta’iin  ammoo, abaaranii balleessuuf yoo ta’u, Inni lammaaffa eebbiisuun, seera tumame   mirkaneessuu jechuudha. Fakkeenyaaf, seera fooyya’ee bara waliin deemuu uummata akka tajaajiluuf baasaanii erga irratti walii galanii booda, tumaa seeraan mirkaneessu. Seera tumame kanas. “Haa eebbisnu, haa eebbisnu” jechuun mirkaneessu jechuudha. Kanaaf eebbisuun gama tokkoon, waan gaarii akka toluuf kan eebbisani qaqqabsiisan yoo ta’u, karaa gama biraatiin ammoo, seera tumame mirkaneessuu waliin wal qabata. Dubartoonnis, sagantaa eebbaa kana irratti argamuun Aadaa ykn Seeradha. Dubartoonni argamanis, qixa abbootii gadaa dhabbaachuun eebba sana mirkaneessu.  Dubartoota keessa kan argamanis tokko dubra qarree yoo taatuu; kan saalqunnamti hin eegaliintu filatama. kan biraa ammoo, jaartii cifiree kan jedhamtu kan saalqunnamtii dhaabdeefi laguu ji’aa hin argine ykn kan irraa dhaabbateetu filatama. kunis mallattoo qulqullummaa (sacred)ti. Kanafuu, dubri qarreefi jaartiin cifiree eebba sirna gadaa ykn raawwii gada irratti argamuu qofa osoo hin ta’iin, kadhaa waaqaa irratti yeroo hongeen dheeratuufi bokkaan baduu, siiqqeefi caaccuu qabatanii yoo waaqa kadhatan akka waaqni dhaga’uufitu amanama.

Dubartoota Bulchiinsa Abbaa Gadaa To’achuu Keessatti. Hirmaannaa dubartoonni Sirna Gadaa keessatti qaban kan calqqisiisu kan biraa, dubartoonni seera qabeessummaafi qajeelummaa bulchiinsa abbaa Gadaa hordofuu danda’uu isaaniti. Kunis karaa lamaani. Tokkooffaa, seera haaraanis ta’e seerri fooyya’ee tumamu yoo jiraate, akka mirga dubartoota hin miineefi kan dubartoota fayyadamoo taasisu ta’uu addaan baafachuun, kan isaan miidhu yoo ta’e akka isaan miidhuu yaada isaanii ibsachuun akka seerichi fooyya’u gochuudhaaf hirmaannaafi mirga kan qaban ta’uu isaaniiti. Lammaaffaa, jila sirni gadaa bobbaa’uufi, bakka Abbaan Gadaa deemee qubatee biyya araarsuufi jila geggeessu hundaatti haati manaa isaa akka waliin deemtuufi cina teessu seera qabaachuu isheeti. Sababiin isaas bakka jilaa sanaatti Abbaan gadaa dubartootaa biroo mil’aachuun akka qalbiin isaa gara biraatti

hin hiramneefi sababa kanaanis, murtee sirrii fudhachuu keessatti akka rakkoon hin uumaamne yookaan, akka dalagaa isaa seeraan raawwatuuf ni to’atti jechuudha. Kana egaa dubartoonni sirna gadaatiif hundeedha ykn lafee dugdaati kan akka jennu nu taasise.

Dubartoota Seera Waaqaafi Safuu Hawaasaa Eegsisuu KeessattiDubartoonni seerri Waaqaafi safuun hawaasaa akka hin cabneefi sababa kanaanis, ijaaramni hawaasaa akka hindiigamne, Hawaasa seera hinqabne akka hin taane to’achuu keessatti hirmaannaa daran ol’aanaa qabu. Fakkeenyaaf dhimmoota tokkummaa hawaasaa diiguu danda’uu jedhaman kanneen akka waldhabdeefi waraana gosaafi gosa gidduutti gaggeeffamu fi safuu hawaasaa eegsisuufis qooda olaanaa ni qabaatu. Kana malees, yoo waraanni gosa gidduutti uumame, Siiqqee qabachuun, wal waamanii waraana sana gidduu yoo seenan battalatti lolli qabbana’a.

Maatii, qe’eefi hawaasa keessa jiraatan keessatti wanti haaraa yoo uumamu, safuun yoo cabu, dubartoonni wal waamanii Siiqqee qabatanii “maaloo kuni Safuudha. Takkaa wanti akkasi aayyoofi Aabboo keenya keessattuu mul’atee hinbeekuu.” Jechuun akka furmaanni hatattamaa itti kennamu Sirna Gadaa waliin wal cina ta’uun hojjatu.

Dubbiin hammatee furmaanni dhibamnaan, maatiifi waatii daa’ima harmaallee osoo hin jedhiin qe’ee gadii dhiisanii, galaana ce’uun muka jalatti walitti qabamu. Haala kanaan hanga furmaanni argamee Abbaan badii dalage adabamee, araarri bu’utti qe’eetti hin deebinu jechuun dhiibbaa (influence) godhu.

Kana ega dubartiin jireenya guyyuu ilmi nama gaggeessu keessatti, hariiroo hawaasa gidduu jiru tumsuu keessatti, nageenya biyyaa eegsisuu keessatti, safuufi seera Waaqaa kabachiisuufi to’achuu keessatti gahee tilmaama hinqabne qabu yoo jedhame kan nama hin saalfachiifneedha.

Boonii [email protected]+251 (0) 920 421 133

Page 8: Seensa -   · PDF file11 Aadaa fi dubartoota –Ga’ee dubartii sirna gadaa keessatti. ... Akka aadaa Oromootti gochi waa qaluu dhiiraan ... yeroo buttaa qalaniifi kan

Siifsiin Jiildii 6 15

AFOOL AA UUMMATAA

Waaqumaa Waamii [email protected]+251 916 454 712

14 Siifsiin Jiildii 6

Faaruu(Uruursa) Daa’imman Booranaa!U ruursi daa’immanii akaakuu afwalaloo

yeedaloo gurra daa’immanii qirqirsuun dhiyaata. Yeroo baay’ee daa’imman

qananeessuufi gaarummaasaanii ibsuuf; akkasumas, daa’imti yoo booche akka caldhistee raftuuf bifa marartee qabuun dugdatti baachuun socho’anii faarsu. Daa’immanis ergaa afwalalichaa dhaga’uu baatanis, arga yaada afoolaa kanaan boo’anii cadhisu. Koblanii kaajaa dhorku; rafaniis yaada harmee obsu. Uruursi daa’immanii haadha, durra ilmee sana angattuufi namoota biroon dhiyaachuu danda’a. Daa’imman uruursuun kutaa Oromiyaa cufa jiraatuyyuu akkaataan itti urursan addaaddummaa qaba, Mee akkaata uruursa daa’imman Booranaa yaa ilaallu!

Ijoolliyyoo!Ijoollee!Ijoolliyyoo maa boottaa?Boottee qalbii na dhoortaa.Kobilitee kajaa na dhoortaa.Ijoolliyyoo akkanaa,Dhalee foolee dakkaaraaAjiitiin tee qabbanaaUrgaa fixoon dakkaaraa.Dakkaroon qayyoo keetiiDakkarti foolee teetiiDakkaroo aaddaa ijoolleeFincaan urgoofti ijoolleeQabee qammansiti ijoolleeQammansoo balfiti ijoolleeOolchaan qarreessiti ijoollee.Dammi baasa badheessaaFuulli kootee jaldeessaa Diqqeenni kee salleessaa Dhalooti kee badheessaaHamaan uumaa balleessaaDansaan uumaa bareessaa.Ijoolliyyoo ijoollee!Ijoollee Booranaati Tan gaammee qooqaraatiiTan gaammeen bubbiftuutiTan akkoon guddiftuuti

Tapha yaate dhaleenii Tapha yaatee rukkiftee Rukkee aayyoon guddifteeHaadhaa camee buqqiftee Ijoollee… haa …hoo ijoollee!Dhalattuu dhaananiitiDhalee ilkaan aannaniitiiMaal taatee aannaniitiiNamni gamaa nayaameeDhalee tiyyoo fakkaateeNamni dhalattuu dhaaneeMataa kiyyoo barbaadee.Daraarayyoo rukkeessaaWarri loonii dureessaaWarri buukkoo bineensaa Aayyoo daraarayyootii Daraaraa waaqayyootiiIjoollee abbaa odaatii Qadaadi kurree qodaatii Hagooroo sii conaatiiHagooroo waatiyyeetii Waatiyyee sii elmaatii Ta sirriiqu saddeetii Saayyeen loon aabboo keetiiDaalattiin aayyoo teetii Daaluun ameessa keetii Sii elmee aabboon keetii Marrii gaaraa lattuutii Aayyoon dhaltee yartuutiiGuddifattee jabduutii Haa…..hoo…ijoollee!

Amala Oromoofi Oromummaa!O romoo,Oromummaafi amala Oromummaa

gaafa buleeyyiifi hayyoota argaa dhageettii Oromoodhaa himan jalaa yoo waa caqasnu,

inni har’a keessa jirru kun yeroo hunda na ajaa’iba. Shakkiis namatti uuma. Maaliif jennaan Oromoon yaadaan buleeyyiin Oromoodhaa sammuu keessa nukaayaniifi inni dacheerratti ammaan tana arginutu wal adda. Dhugaatti waliif faallaadha. Maalif jennees gaafanneerra. Isas himaniiru. Dhaloota kanatti utuu isaafi furmaatasaa immoo himnee nifudhatuu laata? Mee hundaafuu hundeen keenya waan fakkaachaa ture haa ilaallu. Amaloota Oromoofi Oromummaa yoo nuuf himan kanneen armaan gadii kana fakkaata.

1) Oromoon hin sobu. Keessumaa Oromoon waliisaa hin sobu; hin kijibu; hin dogongorsu. Har’awoo amalli kun nu faana jiraa laata?

2) Oromoon, Oromoo hin ganu,(irbuu waliin du’a) jalaa hin miliqu, irraa hin seesu. Har’ahoo qabnaa kana?

3) Oromoon, Oromoo tokko hin arrabsu, hin abaaru; hin jibbu; waliisaas hinajjeesu. Bara kana haalli kun ni mul’ataa laata?

4) Oromoon ,Oromoo maqoo itti hin qabatu; hin agibu; jechaan hin qeequ. Waan balleeffamee, badeefi akka sirratu barbaadan ifaafi iftoominaan kun badeera. Kuni haa sirraa’u jechuun qeeqa qajeelaafi barsiisaa waliif laatu jedhan. Amalli kunihoo jabana kana jiraa laata ?

5) Ilmi Oromoo hin sagagalu; intalli Oromoos hin sagagaltu; kuni safuudha; ni hoodatuyyuu yoo dhagayan jedhan. Bara keenyaa kanahoo nuti maal fakkaanna laata?

6) Oromoon hin hatu; hin kadhatu. Dhabaa isaa ofiif hadhaadhiya(hirphateet jiruufi waan jiraan ijaara). Akkasiin walfaana turan. Bara keenya kana hoo?

7) Oromoon wal jaalata malee wal hin sodaatu. Oromoon Waaqasaatiyyuu ni jaalata malee hin sodaatu. Wanni sodaatan nyaapha ykn diina yookiin immoo waan jibban sodaatan jedhan. Bara kana hoo dubbiin tun maal fakkaatti?

8) Oromoon wal dhagaya; wal jala deema; waliif abboomama. Oromoon aangoof wal hin jibbu; karaa dimokraatawaa ta’een sirna Gadaasaa keessaan waliif dabarsa. Kana jechuun walirraa abdiifi amantii qabaachaa ture jechaa dha. Wal amanuun immoo injifannoofi wal jala deemmitii gabbifti jedha: Duuba dhaloonni ammaawoo?

9) Oromoon anatu si caalaa beeka hin jedhu. Kanaafuu,Oromoon nama hin tuffatu,walqixa jedheet ilaala. Beekaa tokko yoo arge kan akka isaa sagaltamii sagal akka jalaa hafe beeka. Warra san argachuuf halkuu guyyuu ifaaja. Kanaafuu, Oromoon Oftulummaa hin qabu. Barana kana hoo nu mitii kan akka tulluu Diimtuutti of ilaalu.

10) Oromoon dabni kun shirri yoo mooraa isaa seene dubbii hin shaffeessu ykn hin balballoomsu; gadi taaheet,wal caqasa. Ilaamee.... oo! ee! maaltu nutti gale? dubbii maaltu dhale? Shamtee moo galtee? jedheet dubbiif furmaata waaraa godha. Sana furu malee bakka taahee hin kahu.

11) Oromoon wal loluyyuu,walitti hin gadoonfatu yookin haaloo hin qabatu. Garaa qulqulluun waliin jiraata jedhan buleeyyiin keenya. Kanaafuu, uummanni keenya seeraafi heera hawaasni keenya ittiin walbulchaafi jaalalaan waliin jiraataa turerraa barannee isa gaarii ta’e labataaf akka dabarsinu imaanaatu nurra jira.

Caalaa Hayiluu [email protected] +46736961421, Sweden Stockholm.

AFOOL AA UUMMATAA

Page 9: Seensa -   · PDF file11 Aadaa fi dubartoota –Ga’ee dubartii sirna gadaa keessatti. ... Akka aadaa Oromootti gochi waa qaluu dhiiraan ... yeroo buttaa qalaniifi kan

BEEKUMSA ADDUNYAAWAA

jalaa sanarratti hundaa’a. Giddu galatti M1.5-M2 gadi fageenya ammoo cm 50 -hanga danda’ameefi akkasumas keessisaa biyyoo supheetiin maragamuun akka bishaan keessaa hinbaqanneef taasisa. Boolla qophaa’e kana cinattis boolla biroo qotuun akka isaan walitti yaa’insa qabaataniif tolchuutu nurraa eegama. Haalli tartiiba inni ittiin qophaa’us: 1ffaa CM 10 waan dafanii hin tortorre. 2ffaa CM 10 waan dafanii tortoruu danda’an. 3ffaa CM 2 dhoqqee/dikee 4ffaa, biyyoo irraa lfaarraa(kooticha) ilbiisota xixiqqoo qaban kan dafanii akka tortoran nugargaaran yoo ta’u shanaffaarratti ammoo tartiiba irraa jalaatiin walsimsiisuutu eegama. Haaluma kanaan, baala yookaan margaan ukkaamsuun akka bishaan keessa hinbololiine taasisuutu nurraa eegama. Ittuma fufnee torban lamaa hanga sadiitti boolla isa lammaaffaatti dabarsuun akkasumas torban sadii booda boolla isa sadaffaatti dabarsuun dhumarratti xaa’oo uumamaa isa bilchaataa argachuun nidanda’ama.

Inni sadaffaan xaa’oo Guuboo keessatti qophaa’udha. Xaa’oo kana qopheessuuf tartiiba armaan gadii hordofna. Inni jalqabaa boolla geengoo cm 60 bal’atu qopheessuun kan gadi fageenyisaa cm 60 gadi fagaatu qophaa’a. Kan lammataa waan dafee tortoruu hindandeenye kanneen akka laastikaa guuboo sana jala afu; inni sadaffaan dikee horii hanga cm 8 yabbina qabu irra naquu, 4ffaa qola kuduraaleefi fuduraalee hanga cm 15 ta’an walirraan tuuluu; kana booda irra keessaan daaraa hanga cm 0.5 irra naqama. Haaluma kanaan tartiiba sadii hanga shanii armaan olitti tuqame kana hanga guuboon sun guututti irra deddeebiin hojjechuutu barbaachisa. Dhumarrattis, margaafi baala garaagaraafi albuudota barbaachisoofi bishaan jidhinsa kennan akka keessaa hin dhabamnetti margaafi baala garaagaraatiin ukkaamsuun barbaachisaadha. Kana booda torbee lamaa hanga sadiitti gaggaragalchuun xaa’oo uumamaa hojjetama. Walumaa gaalatti jildii keenya torbaaffaa isa dhufu keessatti ammoo haala itti fayydama isaarratti xiinxala gadi fagoo qabannee dhiyaanna.

Akkaataa Xaa’oon Uumamaa itti qophaa’u!

17 Siifsiin Jiildii 6

B arruu keenya jildii shanaffaa keessatti waa’ee xaa’oo uumamaa baldhinaan kaafnee turre. Egaan, xaa’oo uumamaa

qopheessuuf, ilbiisota, wantoota haala salphaa ta’een tortoruu danda’an, qilleensa, jiidhinsaafi ho’inatu barbaachisa. Kunis adeemsa sadii keessa darba. Isaanis, yeroo ukkaamsuun ho’ina itti argatu, yeroo qilleensa itti galchaniifi yeroo itti xaa’oon bilchaataansaa argamuudha. Xaa’oowwan uumamaa karaalee hedduun qophaa’anis kutaa kana keessatti sadii qofa ilaalla.

Haalli xaa’oo uumamaa itti qopheessan kan jalqabaa xaa’oo lafaa oliiti. Adeemsi xaa’oon kun itti qophaa’uus kan jalqabaa lafa mijataa qopheessuudha. Itti aansee, bakka qilleensi ho’a giddu galeessaafi jiidhinsa qabu filachuudha. Yeroo xaa’oo lafaa olii qopheessinu M2-M5 ta’uu qaba. Ol dheerinni isaamamoo M1.5 -M2. ta’uu qaba. Haalli bal’inaafi dheerinasaa lafa wanta tortorfamuuf qophaa’urratti hundaa’uyyuu, baay’ee bal’achuufi dheerachuun isaammoo haala madaala sochii qilleensaafi jiidhinsaa xiyyeeffata. Kanaafis, qilleensi madaalawaa ta’e akka argamuu danda’utti hoffaa midhaan boqolloo, bisingaa, hanciroofi kkf naannoo jiran kukkutuun xaa’oowwan qophaa’an gidduu naquu barbaachisa. Iddoo hoffaan kun hinargamnettis mukoolii qiqqimixaman gaggabaaboo gidduu naquun furmaata biraati. Kunis haala salpaa ta’een qilleensi gidduu waan tortoraa jiru sanaa akka seenuu danda’uufidha. Faayidaan kanaa inni guddaanis kosiin walitti qabame sun haala gaarii ta’een tortoraa jiraachuusaa akka qixaan hordofnuuf yaadameeti. Kana booda haala gaarii ta’een ukkaamsuutu nurraa eegama. Kunis iddoo roobni cimaan ta’etti akka inni xaa’oo sana hinballeessineef, iddoo gogaatti ammoo jiidhinsisaa akka gadi hinlakkifamneef gargaara. Inni lammataa xaa’oo lafaa gadiiti. Inni kun ammoo boolla keessatti isa qophaa’udha. Gadi fageenyasaas haala biyyoofi argama bishaan lafa

AFOOL A UUMMATAA

Kana Beektuu Laata?D argaggeessi fuudha gahuu fi gahuu

dhiisuu isaa kan ittiin beekamu ulaagaan ifatti lafa taa’e hin jiru. Haa ta’uutii yaadni

kanarraa adda ta’e tokko ni jira. Qeerroon fuudha gahuu isaa kan ittiin mirkaneeffamu dhagaan tokko ni jira. Dhagaan kunis dhagaa qeerroo jedhamee waamama. Dhagaan qeerroo godina horroo Guduruu Wallaggaa, aanaa Gudayyaa Biilaatti argama. Dhagaan qeerroo uumamaan cululuqaa,bareedaaa,olkaasuuf baay’ee ulfaataa dha. Dhagaan kun dhagaa gurraacha yoo ta’u ijaafis hawwataa dha. Dhagaa kana egaa dur qeerroon fuudha gahuu fi gahuu dhiisuun isaa kan ittiin mirkaneeffamu. Dargaggeessi ykn qeerroon cimaan ‘ana’ ofiin jedhe bakka namoonni hedduun argamanitti dhagaa qeerroo olkaasuun madaalama. yoo danda’ee olkaasuu baate yeroo dabalataa kennameefii itti qophaa’ee irra deebi’ee yaala. yoo danda’ee kaase garuu fuudhaaf ga’eera jechuudha. Dhagaa qeerrootti fayyadamuun yoomii fi akkamitti akka jalqabame beekuuf qorannaa fi qo’annaa barbaada.

Dhalataan ammaa, dargaggoon,qeerroon maal jettu? ittiin of madaaluu ni barbaadduu? Qeerroon keessumaa kan ulfaatina kaastan (weight lifters) bakka dhagaa qeerroo deemuun of madaaluu dandeessu jechaa barreeffama koo nan gabaabsa.

Oromiyaa alatti maqaaleen magaalotaa fi bakkeewwan garaa garaa jechoota uummanni

oromoo dubbate irraa kan fudhataman hedduutu jiru.Fakkeenyaaf maqaa magaalaa Walqixxee, Buttaajiraa,magaala Arbaaminci keessaammoo bakkeewwan Siqalaa fi Si’eechaa fudhachuu dandeenya.

Dr. Guutaa [email protected]

Nuuquunnamaa:Redwan MuhammedMob: 0913 21 95 [email protected] MengeshaMob: 0912 98 60 [email protected]

Mammaaksa– Dhamaatuun dhama raaftee, ro’oo komatti. – Hojiin itti hin beekne, dafqa qullaadha.– Mukni tokko ni aara malee, hin boba’u.– Harki tokko ni dhiqa malee, hin qulqulleessu.– Otoo kanshee danfuu, kan ormaa sochoofti.– Huuqqattuun, ekeraatti kofalti. – Hora bu’anii, dhoqqee hin dheessani.– Durbi sirba dhaqxe, guntuta hin dhokfattu.– Olkaachuu yoo dadhaban, gadi kaaatu.– Abidda yoo dhaban, daaraatti fuula deebisu.–Jooraa ooltus sareen waan hin jirre hin fuutu.

Hibboowwan– Ulee abbaa yadheerina ishee Maqaa– Soba dhugaa fakkaatu Abjuu– Nyaataaf malee, sanyiif hinkaa’an Ashaboo

Jechamoota Oromoo – Bofarra ejjete = Salphate – Dugda kute = Rifaasise.– Mataa hidhe = Goolabe. – Miicee micciire = Hubatee laale.

16 Siifsiin Jiildii 6

Page 10: Seensa -   · PDF file11 Aadaa fi dubartoota –Ga’ee dubartii sirna gadaa keessatti. ... Akka aadaa Oromootti gochi waa qaluu dhiiraan ... yeroo buttaa qalaniifi kan

18 Siifsiin Jiildii 6 Siifsiin Jiildii 6 19

BEEKUMSA ADDUNYAAWAA

Leemmanaafi Harbuu

Wiirtuu geggeessummaa Addunyaawaatiin (Center for Creative Leadership (CCL)) irraa barreeffama argame.

Gaaffiiwwan MariiGaaffiiwwan kana dubbisuun irratti haa yaadnu. Gaaffiiwwan marii kana irratti mari’achuudhaan eenyummaa keenya geggeessummaa keessatti attamitti akka itti dhimma baanu haa barannu. Yeroo jalqaba jecha “Jijjiirama” jedhu dhageesse maaltu sitti dhaga’amee ture? Ati caalaadhumatti harbicha moo yookiis leemmanicha kan fakkaatu taata?

Jireenya kee keessatti yeroo itti jijjjiiramaan wal’aansoo wal qabaa turte ibsi. Maaltu akka sitti dhaga’amu si godhee ture?

Yeroo jijjiirama wajjin adeemtu maaltu ta’a? kun akkamitti haala ati keessatti jijjiirama simattuun waliin morma?

Gama eenyummaa harbuu yookiis leemmanaa isa kamtu kan isaan gargaare yookiis kan isaan danqe ta’ee sitti argame? Amala akkasii keessaa kan ati of keessaatti argitu ni jiraataa?

Hubadhu:Yaadni Harbuun akka jabinaatti fudhate akka inni kufu fi akka inni jabina warra kaaniis salphisee ilaalu isa taasise. Guddinnii fi jabinni Harbuu qilleensa bubbisu keessatti dadhabina ta’ee kufuu isaaf immoo sababii ta’e. Leemmanni gadi jedhee bubbee kuffisuu danda’u jala darbe. Harbuun garuu jabaatee dhaabbate akkuma amalasaa waan ittiin mormeef hundeen buqqifamee kufe. Kanaafuu eenyummaan keenya yeroo hundumaa qabeenyaa nu fayyadu ta’uu kan danda’u yoo haala sirriin itti fayyadamne qofaadha.

G aaf tokko Harbuun baay’ee guddaan tokko qilleensaan buqqifamee, laga tokko irratti kufe. Harbichi Leemmana gidduutti

kufe. Harbuun leemmana gidduutti kufe kunis guddaa rifate. Leemmanni qilleensa jabaa sana irraa hafee dhaabata. Isa boodas akkas jedhee gaaffii gaafate“. Isin warri sasalphoo fi dadhaboon kunniin, qilleensa akkas jabaatu sanaan attamitti akka caccabdanii hin hurraa’in haftantu na ajaa’iiba jiraam isaaniin jedhe?” Isaanis deebisanii, “Ati qilleensaa wajjin wal-lolta ittiinis wal’aansoo qabda, kanaafuu hundeen buqqafamtee kufte. Nuyi immoo, faallaa keeti. Utuu qilleensi jabaan nu bira hin ga’in dafnee gara inni qilleensa’utti luuccofna. kanaafuu hin cabin hafne” jedhanii deebii kennan.

Barnoota seenaa kana irraa argannuJijjiramni yeroo jiraatu itti madaquu danda’uu fi haala wajjin of sirreessuu danda’uun barbaachisaa ta’a. Garaagarummaa tokkoo tokkoo keenyaa waliif ajaa’ibsifachuu qabna sababiin isaa immoo dadhabbiin nuyi warra kaan irratti hubannu haala tokko tokko keessatti immoo jabina ta’uu danda’a waan ta’eef. Jabinni keenya inni cimaan dadhabbii keenya isa cimaa ta’uu danda’a. Yeroo tokko tokko humna nu caalee nuttii dhufuuf gadi- hin jennu taanaan balaa caccabuu of irratti fiduu dandeenya. Eenyummaa keenya beekuun haala jiruu waliin osoo wal morminuu cabuu irraa hafnee yeroo haalli mijataan uumamu akka itti fayyadamnuuf nu gargaara.

Harbuun Leemmana

BEEKUMSA ADDUNYAAWAA

I staatistiksiin sadarkaa addunyaalessaatti jiru kan baay’ee nama gaddisiisu dha. Bu’aaleen qo’annoo fi qorannoo akka mul’isanitti

daa’imman biyyoota guddachaa jiran keessatti argaman 20 keessaa 19 hanga umurii waggaa tokkotti lubbuun turuu kan hindandeenye yoo ta’u, kanneen keessaayis kan sadarkaa dagaagina qaamsammuu isaanii guutummaan goonfachuu danda’an walakkaa isaanii qofa dha. Kunis kan ta’an danda’e sababiiwwan hiyyummaafi kunuunsa gaarii dhabuu irraa kan ka’ee dha. Dabalataanis dhiyeessi fi hirmannaan sagantaa umurii daa’immaniirratti xiyyeeffatan muraasa yemmuu ta’an, lakkoofsi kun daa’imman baadiyaa fi hiyyeeyyiitiif daran gad’aanaadha. Yeroo ammaa tana, waa’ee faayidaa sagantaa umurii daa’imummaa irratti hojjechuu ilaalchisee beekumsa saayinsawaa fi sagantaan guddachaa adeemuutu jira. Armaan gaditti sababiiwwan muraasni kaa’amanii jiru:

Umurii daa’imummaa dagaagina sammuu fi barnootaatiif yeroo murteessaa dha. Jijjiiramni adda addaafi guddinni sammuus dhibbeentaan 85 kan raawwatu umurii hanga waggaa 5 wayituma ijoollummaa ta’uusaa qorannoowwan geggeeffaman ni jiru. Wantootni umrii jalqabaa daa’ima tokkootitti isa/ishee mudataniifi hin mudanne guddina sammuu fi dagaagina xiin-sammuu, hawaasummaa fi ogummaa afaanii murteessuu qofa osoo hintaane akkaataa barnootni guutuu jireenyaa itti argamuuf karaa ni saaqu. Daa’immaan dadammaqiinsa, jajjabinaa fi carraawwan taphachuu fi barachuu, akkasumas walitti dhiheenya umuriiwwan jalqabbii isaanii keessatti argachuu barbaadan yoo argatan seelotni sammuu isaanii baay’achuu bira darbanii barnootaa fi guddina boodaatiif of mijeessu.

Hojiiwwan umurii daa’imummaarratti hojjetaman firiiwwan gaggaarii kan yeroo dhihoo fi fagoo ni argamsiisu. Qorannoowwan kaa’amanis kutaa sadiitti hiramanii mul’tu:– Barnootaa idilee fi milkaa’ina barnootaatiif

akkasumas bu’a-qabeessummaa qormaataatiif, addaan kutiinsa barnootaa fi qabxii gaarii

galmeessisuu keessatti dhiibbaa gaarii ni fida;– Faayidaawwan gama fayyaa fi fayyaalessummaa

nyaataa daa’immaniitiin argaman baay’ee murteessoo dha;

– Faayiddaawwan gama dandeettiiwwaan xiin-sammuu fi hawaas-currisaa, jechuunis daa’imman dandeettii rakkoo furuufi of to’achuuf akka qabaatan isaaniif kennan jechuudha.

Daa’imman sagantaa wayitii mucummaa duraa keessatti hammataman, daa’imman kanneen hin hammatamiin wajjin walbiratti qabamanii yommuu ilaalaman, daa’imman kanneen sagantichaan hammataman carraan amaloota kanneen akka tamboo xuuxuu, amala suusii adda addaatiin saaxilamuu akka danda’an qorannoowwan mul’isaniiru. Kana malees daa’imman sagantaa misoomaa wayitii mucummaa duraa keessatti hirmaatan maatii isaanii ni karoorfatu, oomishtoota ni ta’u, akkasumas ijoollee isaaniis haala gaariin ni barsiifatu.

Dursanii hojjechuu baannaan boodaa sirreessuuf yaaliin godhamu daran ulfaata.Ogummaawwan wayitii mucummaa duraa keessatti goonfataman (dhalootaa hanga umurii barnootni idileen itti jalqabamutti) milkaa’ina barnoota gara fuula duraa fi gabaa hojiitiif bu’uura dha. Misoomni sagantaa wayitii mucummaa duraa dandeettiiwwan barachuu, namoota biroo waliin waliigalteen hojjechuu, obsuu, daa’imichaa ni guddisa; kana malees, ogummaawwan bu’uuraa barnoota idileetiif fi walitti dhufeenya umrii barumsaa fi barumsaan boodaatiif dursa barbaachisan ni gargaara. Ogummaawwan bu’uuraa kanneenii daa’immanii guddisuu dhabuun barnoota, fayyaa, walhormaataa fi oomishtummaa irratti kufaatii yeroo dheeraa fi deebii hin qabne fiduurraan kan ka’e kasaaraan namoota dhuunfaa irrattis ta’e hawaasarratti ga’u baay’ee hamaa dha.

Barnooti idileen duraa milkaa’ina jireenya fuulduraatiif investimentii sirriidha!

Page 11: Seensa -   · PDF file11 Aadaa fi dubartoota –Ga’ee dubartii sirna gadaa keessatti. ... Akka aadaa Oromootti gochi waa qaluu dhiiraan ... yeroo buttaa qalaniifi kan

BEEKUMSA ADDUNYAAWAA

oomishuun iddoo muraasa qofatti kan beekamudha. Kanaafuu, namoonni baay’een maasii isaaniirra soora beelladootaaf ta’u magarsaa hinjiran. Haata’u malee qotee bultoonni maasii isaaniirra soorata beelladaaf ta’u oomishan yeroo goginsaaf beelladootaaf wabii gaarii kan qabaniifi yeroo goginsaatti aannan gaarii akka argatan beekamaadha. Garaagarummaan kunis yeroo caamsaan dheeratee rakkoon nama mudatuuf garaagarummaa furmaataati.

3. Barachuu (Hanga barachuu dandeessu baradhu) Jireenya keessatti rakkoolee dhufan mara beekanii qixa garaagaraan ilaaluun qofti gahaa miti. Haata’u malee waan dalagamuu qabutu dalagamuu qaba. Kanaaf ammoo waan dalagamuu/hojjetamuu/ qabu sana jala muranii beekuu barbaachisa. Wantoonni baay’een utuu nuti irraa hinbaratiin numiliqu. Fakkeenyaaf, beellada keenya haala gaariin sooruudhaaf gosa nyaata kamiitu akka irra barbaachisaa ta’e beekuun murteessaadha. Dabalataanis, naannoo nuti jiraannutti ammoo kamtu irra marguu akka danda’u, biyyee akkamiif biqiltuu isa kamtu mijataa akka ta’eefi akkamitti akka oomishamu beekuun murteessaadha.Soorata beelladootaa ilaalchisee kanneen qaama beelladoota keenyaa sirriitti ijaaran akka akaakuu naannoo lafa keenyaatti filachuun barbaachisaadha. Fakkeenyaaf, bishingaa, boobee, daagujjaa, hanciroo, marga akaakuu hedduu, boqolloofi kanneen biroos nijiru. Akaakuu midhaanii kanaa walkeessa makanii gargaaramuun soorata ijaarsaa beellada keenyaaf ta’u argachuu nudandeessisa. Qotee bultoonni keenya muuxannoo gaggaarii argataniin waan bu’aa qabu dalaganii hawaasa keessatti moodela ta’uu danda’u. Muuxannoo gaggaarii soorata beelladakeetiif taasiftu, naannoo jireenyaa keessa jiraattu faanas waliin dhugoomsuun irrraa barachuun ogummaadha. Yoo milkoomina guddaa gonfachuu barbaadde, karoorsuu-jijjiirama fiduu-fi waan dalagan sana beekuun bu’uuradha. Haala itti beelladoota keessaniif soorata oomshitanirratti muuxannoo dabalataa kan barbaaddan yoo ta’e, waajjira giddu gala naannoo keessan jiru biiroo meesrsii kiroopsirraa odeeffannoo dabalataa argadhaa!

Galma milkaa’inaa; karoora, jijjiiramafi Beekumsa!

Deggersa Maallaqaa USAID irraa argameen dhaabbata Meersiikoorpiitiin ispoonsara kan ta’e.

20 Siifsiin Jiildii 6

G alma Milkaa’inaa: Karoora-Jijjiirama-Beekuu Fakkeenyaaf, Soora Bineensotaa. Namootni baay’een milkoomina gonfachuu

barbaadu. Haata’u malee baay’een isaanii wantoota gara milkoominaatti nama geessan kana dalaguu hinbarbaadan. Haata’u malee qixa milkoominaa kana gonfachuuf qabxiiwwan ijoo sadii; karoora, jijjiiramafi beekuu kan jedhu xiyyeeffachuun dansa.

1. Karoorsuu (Utuu rakkoon hindufiin rakkoo furuu)Jireenya keessatti wanta mara raaguun hindanda’amu; akkasumas ammoo waan hedduu raaguun nidanda’ama. Mee goginsa akka fakkeenyaatti haafudhannu. Yeroo itti goginsi mul’atu sirriitti beekuu yookaan hagamiif akka turu tilmaamuun rakkisaadha. Haata’u malee goginsi akka jiruufi yeroo tokko tokko dheeraa yeroo biraammoo gabaabaa ta’uu danda’a. Namoonni tokko tokko yeroon goginsaa kun akka dheeratuuf fedha isaanii miti. Kanarraa kan ka’e soorata barbaachisu yeroo goginsaatiif lafa kaawwatu. Yeroo jiidhinsaa yookaan qilleensa gaariitti yeroo kamuu caalaa baay’ee akka hojjjetan ifa. Haata’u malee yeroo goginsaatti garaagarummaan jiru ifa. Karoora gaarii qabaachuun daandii milkoominaati.

2. Jijjiirama (akkaataa addaan dalaguu)Namoonni baay’een karaa qaxxamuraan dafanii milkoomatti ba’uu barbaadu haata’u malee akkaataa garaagaraan ollaaffi namoota jiraatanii darbanirraan adda dalaguu hinbarbaadan. ‘’Akkuma namni kamiyyuu kana dura itti dalagutti kan dalagdu yoo taate ati namoota waa dalaguun milkaa’anirraa adda waan hintaaneef of jajuun sitti dhaga’amuu hinqabu’ . Biqiloota soorata dhala namaaf hintaane garuu beelladoota qofaaf itti yaadanii magarsan

Qote bulichi akkas jedha: Amma roobi ga’aan waan jiruuf Loonkoo nyaata argachaa jirti , akkamittan yeroo bonaatiif nyaata kaa’uufii danda’aa?