sirnoota darbaniifi aadaa uummata oromoo · pdf filehaaluma kanaanis afoola oromoo akaakuu...

12
1 Sirnoota Darbaniifi Aadaa Uummata Oromoo Oromoon Saboota Gaanfa Afiriikaa jiraatan keessaa Saba heddummina qabu, dachee uumamaan baayyee badhaate, qabuufi uumamumaa isaatiin gaaddisa qabeessa, ulfaaataa Saba ta’edha. Oromoon afaan, aadaa, afoolota adda addaa , sirna waaqeffannaa, safuufi safeeffii, akkaataa Uffannaa, Soorataa ykn nyaataa gosa adda addaa qaba. Oromoon kabajaafi sodaa waaqaatiin waan jiraatuuf jireenya waliinii keessatti waanneen raawwatu hundaa gaaddisa aadaa jelatti ilaala. Wal kabajuun hangafummaa eegee jiraachuun sadarkaalee hawwaasaa hundaatti bakka guddaa waan qabudha Haata’u malee, Oromoon bifa kanan nagaadhaan jirachuu hin dandeenye. Dachee badhatuun Oromoo irree garee bittoota qubattoota Minilikiin unkuramuu eegalte. Loltootni gita bittootaa kun meeshaa waraanaa bifa deggresaan Mootummaa Awurooppaa irraa argataniin Uummata naga qe’ee isaa jiraatu jeequudhaan tasgabbii dhowwatan. Aadaa boonsaa uummatni ittii jiraatu meeshaadhaan irra eejjetan, gadidhiitan, afaan Sabichaa mallattoo eenyummaa isaa ta’e cabsanii balleessuuf waraana banan. Fincila kana keessattis wareegama hedduu seenaan hin irraanfatnetu kaffalame. Siidaan Yaadannoo wareegamtoota Calanqoo kun cunqursaan Lammata deebi’uu akka hindande enyetti yaadfamee kan hojjetamedha. Qabsoo Oromoon biyya isaa keessatti mirga isaaf taasisaa ture sana isa dhumaaf cabsuuf tarkaanfii suukanneessaa; dhiira Oromoo kolaasuufi Haawwan Oromoo harmaafi Harka irraa muruu raawwaqte. Haala kanaan Miniliki sirna bulchiinsa isaa diriirsee ergamtoota isaa biyya Oromoo keessa qubachiisee afaan Oromoofi aadaa Oromoo balleessuuf afaan kan ofii isaanii akka baratan dirqamasiise. Oromoon garuu, aadaa isaas ta’e afaan isaa jiruufi jireenya guyyaa

Upload: vuongphuc

Post on 31-Jan-2018

587 views

Category:

Documents


52 download

TRANSCRIPT

1

Sirnoota Darbaniifi Aadaa Uummata Oromoo

Oromoon Saboota Gaanfa Afiriikaa jiraatan keessaa Saba heddummina qabu, dachee uumamaan

baayyee badhaate, qabuufi uumamumaa isaatiin gaaddisa qabeessa, ulfaaataa Saba ta’edha.

Oromoon afaan, aadaa, afoolota adda addaa , sirna waaqeffannaa, safuufi safeeffii, akkaataa

Uffannaa, Soorataa ykn nyaataa gosa adda addaa qaba. Oromoon kabajaafi sodaa waaqaatiin

waan jiraatuuf jireenya waliinii keessatti waanneen raawwatu hundaa gaaddisa aadaa jelatti

ilaala. Wal kabajuun hangafummaa eegee jiraachuun sadarkaalee hawwaasaa hundaatti bakka

guddaa waan qabudha

Haata’u malee, Oromoon bifa kanan nagaadhaan jirachuu hin dandeenye. Dachee badhatuun

Oromoo irree garee bittoota qubattoota Minilikiin unkuramuu eegalte. Loltootni gita bittootaa

kun meeshaa waraanaa bifa deggresaan Mootummaa Awurooppaa irraa argataniin Uummata

naga qe’ee isaa jiraatu jeequudhaan tasgabbii dhowwatan. Aadaa boonsaa uummatni ittii jiraatu

meeshaadhaan irra eejjetan, gadidhiitan, afaan Sabichaa mallattoo eenyummaa isaa ta’e cabsanii

balleessuuf waraana banan. Fincila kana keessattis wareegama hedduu seenaan hin irraanfatnetu

kaffalame.

Siidaan Yaadannoo wareegamtoota Calanqoo kun cunqursaan Lammata deebi’uu akka

hindande enyetti yaadfamee kan hojjetamedha.

Qabsoo Oromoon biyya isaa keessatti mirga isaaf taasisaa ture sana isa dhumaaf cabsuuf

tarkaanfii suukanneessaa; dhiira Oromoo kolaasuufi Haawwan Oromoo harmaafi Harka irraa

muruu raawwaqte. Haala kanaan Miniliki sirna bulchiinsa isaa diriirsee ergamtoota isaa biyya

Oromoo keessa qubachiisee afaan Oromoofi aadaa Oromoo balleessuuf afaan kan ofii isaanii

akka baratan dirqamasiise. Oromoon garuu, aadaa isaas ta’e afaan isaa jiruufi jireenya guyyaa

2

guyyaa isaa keessatti kunuunsee hanga kufaatii Mootummaa abbaa irreetti (1983) turfachuu

danda’ee jira.

Ummanni Oromoo aadaa, seenaafi afaan isaa akka hin guddanneefi ifatti bahee akka hin

beekkamneef sirnoota gita bittaa darban keessa hacuuccaafi gidiraan adda addaa irratti

gaggeeffamaa turee jira. Kana irraa ka’ees seenaan saboota Addunyaa baay’een yemmuu

barreeffamu, kan ummata Oromoo garuu, akka hin barreeffamneefi awwaallamee akka hafu

taasifamaa turee jira. Kan barreeffames yoo jiraate seenaafi dhugaa jiru karaa muli’suu

danda'uun osoo hin taanee, irra jali’famee karaa seenaafi aadaa Uummata Oromoo gadi

qabuuniifi akkaataa gita bittootaaf tolutti qindaa'ee kan barreeffame dha. Uummanni Oromoo

kana ofirraa qolachuuf jecha wareegama kana hin jedhamne kaffalee walabummaa har’aa kanaaf

bu’uura kaa’ee darbe.

Galmaa Abbaa Gadaa Madda Walaabuu

Akkuma seenaan isaa jal’ifamee karaa fedhii gita bittootaa guutuu danda’uun barreeffametti,

afaan saba bal’aa kan tahe Afaan Oromoos akka hin guddanne taasifamee jira. Afaan Oromoo

afaan saba bal’aa ta’us akka hin guddanne Afaan barnootaa, Afaan hojii, sab-qunnamtii walumaa

galatti Afaan barreeffamaa, Saayinsiifi teeknolojii akka hin taane daangeeffamee turuun isaa

ragaaleen qabatamaa ta’an hedduun ni ibsu.

Qabsoo hadhaawaa Ummanni Oromoo sabaafi sablammoota biyya keenyaa waliin tahuun

gaggeessummaafi hooggantummaa Dh.D.U.O/ADWUItiin sirni gita bittaafi cunqursaa tahe kun

karaa lammata deebi’ee ka’uu hin dandeenyeen akka awwaallamu erga ta’ee booda,

3

Dh.D.U.O/ADWUI kaayyoo qabsaa’eef keessaa tokko kan tahe, mirgi sabaafi sablammootaa

heera Mootummaatiin waan mirkanaa’ef Sabaafi Sablammootni biyyaattii keessa jiran hundiinuu

seenaa Aadaafi Afaan isaanii guddifachuun mirga isaanii ta’ee jira. Gaaffiifi dheebuu Ummata

Oromoo kan ta’e gaaffiin eenyummaa isaas guutummatti akka deebii argatu ta’ee jira.

Giddu galli Aadaa Oromoo Bakka Dur Uummanni Oromoo Masqala itti gubaa turetti

deebi’ee ijaaramuun isaa injifannoo qabsoo Dh.D.U.On Uummata Oromoo waliin ta’uun

adeemsise keessaa isa tokkodha.

Bu’uruma kanaan, Dh.D.U.Ofi Mootummaan naannoo Oromiyaa isaan gaggeeffamu Aadaa,

Seenaafi Afaan Oromoo guddisuuf tarkaanfii seenaa qabeessa ta’e fudhachuun, Biiroo Aadaafi

Tuurizimii Oromiyaa bara 1985 hundeessuun Aadaan ummata Oromoo ifa akka ba’u seenaa,

Afaan, Aartiifi Hambaaleen Uummatichaa akka qoratamuufi guddatee faayidaa hawasaaf akka

oolu kan taasifame yoo ta’u gama kanaan hojiileen armaan gadii hojjetamanii jiru. Dh.D.U.O.n

afaan Uummata Oromoo guddisuudhaaf kutannoo qabuufi aantummaa Uummatummaa qabu

irraa ka’ee afaan Oromoo akka guddatuufi gabbatuuf hojiilee boonsaafi ajaayisiisaa ta’ee

hojjetaa turee jira. ammas yoo ta’e bu’aa walxaxaa baroota Birokiraasii kan ta’e saaphana kiraa

Sassaabbiifi Maxxantummaa nu faanaa hafuu didan cicciruuf Uummata isaa waliin kan nyeroo

kamii caalaa hojjechaa jira.

4

Yaadannoon Wareegamtoota Aannolee kun Dangaa Cunqursaati.

Afaan Oromoo Afaan hojii barnootaafi Sab-qunnamtii akka ta’u jalqaba irratti bara 1986 baajata

gahaa ta’e pirojaktiidhaan ramaduun qorannoo bal’aan akka irratti gaggeeffamu taasisee jira.

Osoo kanaan daangeffamee hin hafin, afaan Oromoo guddisuufi afaan Saayinsiifi Teeknolojii

taasisuuf qorannoon bal’inaan itti fufee akka gaggeeffamu taasifaqmee bu’aan hedduun gama

kanaan galmaa’ee jira.

Oromiyaan qabeenya aadaafi qabeenya uumamaatiin badhaatuu dha. qabeenyota kana

waggoottan kurnan lamaan darban keessatti qorachuu, misoomsudhaaf tattaaffii taasifameen

ummanni Oromoo mirga Afaan, Aadaa, Seenaafi Artii isaa akka guddifachuu danda'uuf heera

Mootummaatiin gonfate qabatamaan dhandhamachuu eegalee jira.

Haaluma kanaanis Afoola Oromoo akaakuu adda addaarrattii qorannoo gaggeessuun jildiidhaan

walitti qabuun qindeessuun hanga bara 2007tti 440 jildaa’ee jira. Bu’aalee qorannoo Afaan

Oromoo ta’an akaakuu 36 0l maxxans iisuudhaan Uummataaf akka raabsaman gochuun

danda'ameera.

5

Kitaabotni kunniin Qophaa’anii Manneen Barnootaa Oromiyaaf akka Raabsamaniif

BBOn fudhatee jira.

Artii Uummata Oromoo Guddisuudhaaf tattaaffiin taasifame,

Artiin Daawwitii jireenya hawaasaati. Hojiin Artii ilaalcha hawaasa qaruudhaan hawaasni

ilaalcha Sabboonummaa Dimokraatawaa qabaachudhaan guddina Misoomaa, Ijaarsa Sirna

Dimokraasiifi Nageenya Naannoofi Biyya keenyaa mirkaneessu keessatti gahee bakka buutee

hin qabne kan taphatuu dha.

Artiin dameewwan gurguddoo afur kanneen akka Muziqaa, Og-barruu, Fakkiifi Boca kan of

keessaa qabu yoo tahu, dameewwan Artii Uummata Oromoo kunneen Sirnoota darban keessa

akka hin guddanneef dhiibbaan adda addaa irra turee jira. Kanas fooyyessuufi baballisuuf jecha

bara 2007 keessa Artistoota Oromoo kanneen gurguddoo ta’an dabalatee leenjii dheeraa

kennuufiin woldaan akka ijaaramaniifi hojiitti akka galan ta’ee jira.

Aadaan Madda Bu’aa Dinagdee Taasisuuf Hojii Hojjetame.

Yeroo ammaa ilaalchii adunyaan aadaa irratti qabdu fooyy’aa jijjiiramaa dhufaa jira. Aadaan

madda bu’aa hawaasaa qofa osoo hin taane madda bu’aa dinagdees ta’uun yeroo kamiyyuu

caalaa hubatamee jira. Dhaabbilee aadaatiif abbaa kan ta’an kanneen akka Dhaabbata Barnoota

Saayinsiifi Aadaa Addunyaalessaa (UNESCO) fi Komishiiniin Misooma Aadaa Adunyaa (UN

CCD) aadaan humna misoomaa ittifuunsaa ta’uun isaa hubatamee gudinnaafi misooma isaatiif

xiyyeefannoon akka kennamu biyyootaafi hawaasa adunyaa kakkaasaa jiran.

6

Me’ee Bokkootti Wal Harkaa Fuudhinsa Baallii Guraandhala 2008 Raawwate.

Haaluma kanaan UNESCON akka L.Awrooppaatti bara 1982- 2005 jidduutti qofa kora addunyaa

gurguddaa (international conferences, conventions, general assambelies) 8 oli ta’an

gaggeessuudhaan dhimmoota xiyyeefannoo aadaa cimsuu danda'an (cultural advocacy) irratti

hojjeteera, murteewwaniifi qabxiilee immaamata heddu dabarseera.

Hambaalee aadaafi qabeenya uumamaa Oromiyaan qabdu Addunyaaf beeksisuuf hojii

hojjetameen; Malkaa Qunxuree, Dirree Sheek-Huseen, Holqa Sof–Umaar, Paarkii biyoolessaa

Baalee, Sirna Gadaa Oromoo galmee yeroo irratti (Tentative List) keessatti yoo galmaa’an

galmee dhaabbataa irratti galmeesisuuf hojiin adda addaa hojjetamaa jira. Hojiin gama biiroo

Keenyaan jiru xumuramee gara ATEHF darbee jira.

UNESCON aadaan humna misoomaa itti fufiinsa qabu ta’uu isaa, galiifi carraa hojii

uumuudhaan madda dinagdee ta’uu isaa, madda walitti dhiheenya uummatooaafi tasgabbii,

humna eegumsa naannoofi qabeenya uumamaa, madda barumsaafi guddina ogummaafi kkf

hedduu irratti gahee murteessaa ta’e akka gumaachuu jala muree ejjannoo qabatee jira. Hojiilee

Dhaabbata Barnoota Saayinsiifi Aadaa Addunyaalessaa (UNESCON) akka addunyaatti hojjetu

kana keessaatti biyyi keenya darbees naannoon keenyas yeroo ammaa fayyadamaa ta’saa jirti.

7

Bu’aa Aadaan Hawaasummaaf Gumaachu

Beekkamtii UNESCOn seektara aadaaf kenne muldhata kaa’e keessaa inni guddaan lammaffaan

aadaan humanaafi madda bu’aa hawaasummaa ykn ittiiquufinsa ayyaddaa (spiritual satisfaction)

ta’u isaa hubachuun deeggaruu dha

A. Aadaan Madda Walta’insaafi Tasgabbii HawaasaA Ta’uu Isaa.

Addaa addummaa aadaa (diversity) keessatti aadaa walii baruun, walkabajuun, kabaja sirnoota

aadaa waliin gaggeesuu, rakkoo garaa garummaa isaanii jidduutti uumame ittiin furuun madda

nageenyaafi tasgabbii ittiin mirkaneessuuf kan oolu dha.

B. Eenyummaan Hawaasichaa Aadaan ibsama.

Kana jechuunis eenyummaan hawaasa tokkoo afaan, afoola, ogubarruu, hojiiwwan/agarsiisa

artii, sirnoota aadaa gara garaa, gochaalee haalli jireenya isaafi ittiin bulmaataa isaa ittiin ibsamu

jechuu dha.

8

C. Aadaan Madda Kabaja Eenyummaafi Qabeenyaati.

Hawaasni tokko eenyummaa isaafi qabeenya aadaa isaa irratti abbummaan itti dhaga’mee ittiin

ni bona, ni gammada, abdii ni horata, ni quuqamaaf.

D. Aadaan Madda Walqixummaati.

Aadaan mirga walqixummaan ykn mirga ilama namaa ni kabachiisa, waliin fayyadamuun waliin

guddachuu (equality and equity) ni mirkaneesisa. kunis walii wajjin amantaan jiraachuufi

sammuu wal qixxummaatiin misooma irratti bobbaane galma ga’iinsa haaromsa keenyaa

saffisiisuuf gumaacha olaanaa qaba.

9

E. Aadaan Madda Barumsaafi Odeefannooti. (education and communication value)

Hambleen qabatamaafi qabatamaa hin taane haala seenaa isaaniin ykn haala ijaarsaa tolcha

harkaa (aesthetic and artistic value) madda barumsaafi odeeffannoo kan dhalootnii irraa baratu,

madda qorannoofi qo’annoo akkasumas kan artistooni yaada hojii uumee isaanii ittiin

burqisiifatan ta’uudhaan faayidaa hawaasummaa ni qaba.

10

Kitaabileen BATOdhaan Qophaa’anii BBOof kennaman (2008)

F. Madda Bashananaafi Ittiquufiinsa Uummataati.

Hawaasichi agarsiisa aadaa isaatti ni gammada, burqaa Seenaa, qabeenya aadaa isaa calaqiisu

ijaan arguun ittiin ni boona, ni gammada, ilaalchi hawaasichi misoomaaf kunuusa hambaafi

aadaa ofiitiif qabu ni fooyya’a, Seenaafi aadaa dhalootatti dabarsuuf ni gumaacha.

11

G. Qabeenyi Aadaa Misoomee Dhalootaaf Dabarsuu keessatti Ga’ee Aadaan Qabu.

Akkuma beekkamutti aadaa kessatti barmaatiileen miidhaa geessisan akka jiran beekkamaa dha.

Barmaatilee miidhaa geessisan kana keessaa gatuun akkuma jirutti ta’ee, hambaaleen aadaa

qabatamaafi qabatamaa hin taane kan akka Sirna Gadaa, Ayyana Irreechaa, akka baballatan,

eegamaniifi kunuunfaman ni taasisa, keessattuu, kan badiif saaxilaman akka hin mancaane ykn

jijjiirama adunyaatiin (globalization) akka bifa hin jijjiirranne ykn akka hin liqifamne beekumsa

isaa waliin dhalootaaf ni dabarsa.

Gaara Sannatee(Godina Baaalee)

H. Fuulaa Gaarii Biyyattii Ijaaruu (building national image) Keessattis gahee Aadaa Qabu.

Biyya keenya keessatti sabaafi sablammoota adda addaatu jira. Sabaafi sablamoota biyya kana

keessatti argaman keessaa ammoo sabni Oromoo isa tokkoofi saba guddaa Aadaa, Seenaafi

Afaan mataa isaa qabuu dha. Hambaaleewwan Uumamaafi nam tolchee ta’anii naannicha

keessatti argaman hawwata turizimiitiif oolan hedduun ni jiru. Hanbaalee kana ilaaludhaan

turistiin kan itti gammadu qofaa osoo hin taane, carraa kanaan seenaa, aadaafi artii

uummatichaas ilaaluun haala uummatichaa gutummaatti hubachuudhaaf carraa ni argata. Kana

faana, wal qabatee tajaajila argachuudhaaf dhufe guutummaatti yeroo argatus iitti quufiinsa

(customer satisfaction) isaa ni dabala, wanta gaarii argachuu isaa kanaaf dhugaafi misooma lafa

12

irra jiru kana ilaalee bashannanuu bira darbee, Naannoon/ biyyi keenya naannoo/biyya seenaafi

aadaa boonsaa qabdu kan addunyaanis irraa barachuufi fudhachuu qabu akka jiru ni hubata .kun

ammo, fuula gaarii Naannoofi biyya keenyaa ijaaruu keessatti gahee bakka buutee hin qabne

qaba.

I. Aadaan Eegumsa Naannoofi Kunuusa Qabeenya Uumamaf ni Gumaacha.

Jiruufi jireenyi Uummata keenyaa qabeenya Uumamaa wajjin walitti hidhatiinsa guddaa

akka qabu beekkamaadha. Kana irraa ka’ee Uummanni Oromoo ilaalchi inni qabeenya

Uumamaatiif qabu iddoo guddaa kan qabu ta’a.

Qabeenyi Uumammaa akka hin maNcaaneef eeguu, kunuunsuufi karaa wal madaaleen waliin

jiraachuudhaaf aadaafi beekumsa mataa isaa qaba. Akka naannoo keenyaattii waggoottan

shanan darban kana keessatti qabeenya uumamaa manca'e iddootti deebisuudhaafi kanneen

jiranis kunuunsudhaaf faayidaa isaa irra olfatee dhaloota itti aanuufis dabarsuudhaaf tumsi

taasifamaa tureefi bu'aan qabatamaadhaan yeroo ammaa kana mul'achaa jirus qaamuma

kanaa ta’ee kan ilaallamuudha. kanaaf aadaan keenya eegumsa naannoofi kunuunsa

qabeenya Uumammaa keessatti gahee guddaa akka qabu hubachuun rakkisaa miti. Beekumsi

dhaloota darbe irraa dhaalamee dhaloota dhufuuf darbuu qabu kuniifi hawaasa keessa jiru

kuni kunuunfamuufi dhaloota itti aanuuf darbuu qaba. Cammasaan 20 guyyaa jijjiiramaafi

guddina dingdeeti yoo jedhame kan itti guddatumiti. Sababiin isaas, kan amma agarru

jijjiiramni isumaan ta;e waan ta’eef.