w.a. liqii fi qusannaa oromiyaa የኦሮሚያ ብድርና ቁጠባ አ.ማ. oromia ......
TRANSCRIPT
W.A. Liqii fi Qusannaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ብድርና ቁጠባ አ.ማ.
Oromia Credit & Saving S.C
Yaadannoo Harkaa Ofiisara Tajaajila Maamilaa
(CSO Handbook)(Wixinee)
Onkololeessa 2009
2
Seensa:Waldaan Aksiyoona Liqii fi Qusannaa Oromiyaa /WALQO/ Adoolessa 28, 1989tti Baankii Biyyoolessaa Itiyoophiyaa irraa eyyama hojii argatee hundeeffame. Bara 1989tti of-danda’ee akka dhaabbata maayikroo faayinaansii tokkootti haa hundeeffamuyyuu malee, waldichi bara 1987 irraa eegalee Waldaa Walgargaarsa Oromoo (OSHO) jalatti bifa pirojektiitiin aanaalee baadiyyaa muraasa keessatti tajaajila keennaa tureera.
WALQO erga hundeeffamee kaasee dhaabbata roga hundaan guddina ariifachiisaa galmeessisaa dhufeedha. Waldichi gama guddina hojii/operational growth/ saffisiisuun itti fufiinsa dhaabbataa /institutional sustainability/ mirkaneessuunis ta’e fayyadamummaa maamilaa dhugoomsuutiin qabatamaatti bu’aa gaarii argamsiisee jira. Kanaafis, WALQO har’aan tana akka biyyaattis ta’e sadarkaa edila-addunyaatti dhaabbata dorgomaa ta’uu danda’eera.
Dhaabbata gama hundumaan guddachaa jiruu fi fayyadamummaa ummataa mirkaneessaa jiru caalaatti beekuu fi beeksisuun barbaachisaadha. Haa ta’u malee, haala qabatamaa amma jiruun hojjetaan WALQO waa’ee dhaabbata isaa sirriitti beekee buksisuurratti hanqinni guddaan ni mul’ata. Fakkeenyuma muraasa yoo fudhanne, gaaffiiwwan bu’uuraa yeroo adda addaatti gaafataman kan akka; WALQOn yoom hundeeffame? WALQOn kan eenyuti? Tajaajilli WALQO maal fa’i? fi kkf irratti namoonni deebii walfakaatu laachuu
3
irratti rakkoo qabu. Burjaaja’uunis ni jira. Kanaaf hojjetaan WALQO dhimma kana hubatee deebii walfakkaatu kennuun irraa eegama.
Kanaaf ammoo, hojjetaa WALQO sadarkaa hundaarra jiru keessattuu Qondaaltota Maamilaatiif hubannoo gahaa uumuun barbaachisaadha. Humni kunis qaama maamilaa waliin kallattiin kan wal argu waan ta’eef dhaabbata kana beeksisuu keessatti gahee guddaa tapha’uu ni danda’a jedhamee abdatama.
Barbaachisummaa Barreeffamichaa:Akkuma seensa keessatti kaa’uuf yaalame, hojjetaan keenya gaaffiwwan bu’uuraa dhimma WALQO irratti qaamolee adda addaatiin dhihaataniif deebii sirrii fi wal fakkaataa kennuurratti hanqinni akka jiru qorannowwan yeroo adda addaatti adeemsifamaniin ifa ta’ee jira. Hanqinoota adda bahan keessaa muraasni;
1. Waa’ee dhaabbatichaarratti hubannoo wal fakkaataa fi gahaa dhabuu,
2. Garaagarummaa tajaajilawwan jidduu jiran sirriitti adda baasanii beekuu dhabuu,
3. Kan beekan beeksisuufis karooraa fi qophii dhabuu,
4. Akkaataa fi tooftaa ittiin beeksisan ykn hubachiisan wallaaluu,
5. Wanta beeksisuu qaban adda baasanii beekuu dhabuu fi kkf dha.
4
Rakkowwan kana furuufis, hojjetaa dhaabbatichaa odeeffannoo sirrii ta’ee fi ogummaa beeksisaatiin (marketing skill) aangessuun barbaachisaa ta’ee argameera. Barreeffamni kunis kan barbaaachise, dhimma WALQO irratti hubannoo walii galaa uumuun hanqinaalee mul’atan furuu keessatti gumaacha olaanaa akka qabaatuufi.
Seenaa Hundeeffama WALQO:Seenaa hundeeffama WALQO bifa lamaan ilaaluun barbaachisaadha. Inni tokkoffaan waggoota dhaabbatichi akka proojeektiitti tajaajila kenneedha. Inni lammaffaa ammoo waggoota erga dhaabbatichi seeraan qaama namummaa argatee hojii jalqabee as kan jiraniidha.
a. WALQO Yeroo Piropjeektii
Dhaabbileen maayikroo faayinaansii hiyyummaa xiqqeessuu keessatti gahee guddaa akka qaban beekamaadha. Kanumarraa kan ka’e ALA bara 1970 keessaa eegalee dhaabbileen kun ardii Isiyaa fi Ameerikaa Kibbaa keessatti babal’achuu jalqaban. Shoorri isaanii kun waan addunyaa irratti hubatameef ardiilee hunda keessattuu barbaachisummaan dhaabbilee maayikroo faayinaansii baayyinaan dabalaa dhufe. Biyyoonni Ardiin Afrikaa keessa jirani bu’aa dhaabbilee maayikroo faayinaansii dhandhamachuu kan jalqaban turaniiti.
Biyya keenya keessattis hiyyummaa daran hidda isaa gadi fageeffate buqqisuuf dhaabbileen maayikroo faayinaansii
5
barbaachisaa akka ta’e kan hubatame baroota 1990 keessa. Yeroo hubannoon kun uumamu , seerri dhaabbilee kanneen ittiin gaggeessanii fi abbooman waan hin turreefi yeroo jalqabaaf akka proojeektiitti akka hundeeffaman taasisaman. Dhaabbanni maayikroo faayinaansii akka biyyaatti guddaa fi angafa ta’e, WALQOn, haala kanaan Waxabajjii bara 1987 mootummaa Naannoo oromiyaatiin sadarkaa proojeektiitti dhaabbate.
Maqaan proojeektii kanaas Proojeektii Misooma Caasaa
Liqii fi Qusannoo Baadiyyaa Oromiyaa / Oromia Rural
Credit and Saving Scheme Development Project /PRCSDP/
kan jedhuudha. Projeektiin kun hojii kan jalqabe Dhaabbata Ofgargaarsa Oromoo /OSHO/ jedhamu keessatti. Akkuma dhaabbateen dameelee tajaajila liqii fi qusannoo kennan saaquudhaan hanga baatii Hagayyaa bara 1989tti tajaajila kennaa ture.
b. WALQO Akka Dhaabbata Maaykiroo Faayinaansiititti
Labsiin hojii fi aangoo maayikroo faayinaansii abboomu labsiin lak. 40/1987 akkuma mirkanaa’een dhaabbileen maayikroo faayinaansii biyya keenya keessatti haala proojeektitiin tajaajila kennaa turan gara waldaa aksiyoonaatti jijjiiraman. Proojeektiin Liqii fi Qusannaa baadiyyaa Oromiyaa kan OSHO jala ture Adoolessa 27/1989 of danda’ee dhaabbate. Maqaan isaas Waldaa Aksiyoona Liqii fi Qusannaa Oromiyaa jedhamee moggaafame.
6
Abbaa Qabeenyummaa WALQOWALQOn qabeenya ummata Oromooti. Dhaabbanni kun maallaqa ummata Oromootiin hundeeffamee; ummata keenya harka qalleeyyii hanga humnisaa danda’e tajaajilaa jira. Qabeenyi dhaabbanni kun sochoosaa jirus qabeenyaa ummataati. Fakkeenyaaf, liqii dhaabbanni kun kennu keessaa dhibbeentaa 65 kan ta’u qusannaa ummata keenyarraa walitti qabameedha.
Haa ta’u malee, qaamoleen ergama ummattummaa qaban irraa ka’uudhaan qabeenya isaanii waliitti fidanii dhaabbata kana hundeessan jiru. Isaanis, Mootummaa Biyyoolessaa Naannoo Oromiyaa, Waldaa Walgargaarsa Oromoo/OSHO/, Waldaa Misooma Oromiyaa, Intarpraayizii Misooma Bosonaa fi Bineensa Bosonaa Oromiyaa, Bulchiinsawwan Magaalaa Sabbataa, Buraayuu, Bishooftuu, Jimmaa, Naqamtee fi Shaashamannee dha. Qaamoleen kunis qaamolee maqaa ummata Oromootiin hundeeffamaniifi socho’aniidha. Dirqamaa fi jaalala misooma ummatichaa deggaruudhaaf qaban irraas kan ka’e dhaabbata dinagdee harka qalleeyyii naannichaa cimsuuf hojjetu –WALQO hundeessaniiru.
Qaamoleen kun bu’aa hin hirmaatan. Bu’aa xiqqoon dhaabbanni kun waggaatti argatus baasii hojii bulchiinsaa fi opireeshinii irraa oola. Kan hafes kaappitaala dhaabbatichaatti dabalamee tajaajila ummataaf qofa oola. Kun kan mul’isu ammoo, WALQO dhaabbata bu’aa giddugala godhatee hojjetu ta’uu dhiisuusaati.
7
Mul’ata, Ergamaa fi Duudha WALQOa. Mul’ata
Mul’ata jechuun bakka dhaabbanni tokko ga’uuf hawwu ykn wanta ta’uuf fedhu kan mul’isuudha. Imala dhaabatichaa kan daandii qajeelchuu fi bakka ga’uuf malu itti mul’isuudha. Mul’anni dhaabbata tokkoo ergamaa fi duudhaasaa kan hojjatoonnisaa qoodatani irratti kan hundaa’uudha. Hoggantoonnii fi hojjettoonni dhaabbataas mul’ata kana qabatanii galmaan gahuuf gara fuulduraatti xiyyeeffatanii deemu. Mul’atni WALQO harmaan gaditti eeame kanuma agarsiisa.
Mul’ata WALQO:
Dhaabbata maayikroo faayinaansii sadarkaa addunyaa eeggate ta’uudhaan hawaasa dinagdeedhaan cimee fi jijiirame uumuuf gumaachuu
Hiika Mul’atichaa Gabaabinaan:
Fedhiin WALQO maayikroo faayinaansii waan hundaanuu sadarkaa isaa eeggate ta’uudha. Kanaanis sadarkaa addunyaatti dorgomaa fi fakkeenya ta’uudhaa. Kanaanis jiruu ummta keenyaa bu’uura irraa jijjiiruudha. Ummata dinagdeedhaan cimmaa ta’e arguudha; jijjiirama hawaasumma ummata keenya keessatti hundee qabsiisuudha. Fakkeenyumaan,WALQO, sadarkaa addunyaatti beekamuun
8
bu’aawwan kana argamsiisuufi jedhamee yaadamuu qaba. Mul’ata kana hogganntoonnii fi hojjetaan qoodachuudhan qooda fudhattoonnis qooddatanii akka galma gahiinsa isaaf tattaafatan beeksisuun, hubachiisuuniif tumsa isaanirraa eegamu akka bahan gochuun barbaachisaadha. mul’ata kana galmaan gahuuf gaheen qaama hundaatuu barbaachisaa akka ta’e dura ofii hubachuu fi qooddachuun /shared vision/ gaaridha; isaan booda wal hubachiisuu, yaadachiisuu, qaama biraas hubachiisuun hojjetaa WALQO irraa ni eegama.
Ergama
Mul’anni bakka ga’amuuf aggaamame kan ibsu yoo ta’u ergamni ammo hojii dhaabbanni tokko hojjetu ykn sababa dhaabbateef /reason for establishment/ ibsa.
Ergama WALQO:
Tajaajila maayikroo faayinaansii madaalawaa, kalaqa’aa (innovative) fi maamiltoota wiirteffate ummata baadiyyaa fi magaalaaf dhiheessuudhaan jireenya isaanii jijjiiruu
Hiika Ergamichaa Gabaabinaan:
WALQO kan dhaabbateef ykn akka jiraatu kan ta’eef ummata harka qalleeyyii baadiyyaa fi magaala keessa jiraniif tajaajila liqii fi qusannoo kennuudhaafi. Kana waliin walqabatee dhimmoonni hubatamuu qaban:
9
• Kiraan liqii (Loan fee) dhaabbatichaa madalawaa ta’uusaa. Haala kanaan akka biyyaatti WALQOn kiraan liqiirratti kaffalchiisu madaalawaa ta’uusaa ummannis hojjetaanis hubachuu qaba.
• Kalaqa /innovation/ saayinsaawatti fayyadamuun baasii dhaabbatichaa kan gadi xiqqeessu ta’uu isaa, kun ammoo gama biraatiin maamilli tajaajila kiraan isaa madaalawaa ta’e akka argatu ni taasisa.
• Fedhii maamiltootatiif dursa kennuun yeroo hunda fedhii dhaabbatichaa akka ta’e ibsuun barbaachisaadha.
• Xiyyeeffannaan dhaabbatichaa kennaa liqiin walqabatee harka qalleeyyii magaalaa fi baadiyyaa keessa jiraataniidha. Isaanis, qonnaan bultoota, dargaggoota, dubartoota, daldaltoota, hojjataa mindeeffame, barattoota fi kkk hunda kan haammatuudha. Kanaaf, gosawwan tajaajilaa dhaabbatichaa akka fakkeenyaatti fudhachuun ni danda’ama.
b. Duudha
Duudha jechuun aadaa fi safuu dhaabbatichi hojii isaa irratti akka ijjannootti qabuudha. Kana hojiirra oolchuuf hojjetaan WALQO kamiyyuu;
10
- Duudha dhaabbatichaa ofiisaaf beekuu fi hojiirra oolchuu,
- Maamillis akka beekuu barsiisuu
- Aadaa fi safuu ummataa kabajee kabachiisuu qaba.
Walumaagalatti, duudhaaleen WALQO kan armaan gadiitti ibsamaniidha.
• Qisaasama qabeenyaa fi hanna irraa bilisa ta’uu
/Zero tolerance for fraud & Embezzlement/ WALQOn hanna fi gochaawwan hannaan walqabatan kanneen akka malaammaltummaa, mattaa fudhachuu, ragaa miliksuufi gocha seeran alaa maamilarratti taasisamuuf dhiifama hin qabu. Kanaaf hojjettoonni yeroo kamiyyuu of-eeggannoofi sirna ifaa fi itti gaafatammummaa qabuun hojjechuun irraa eegama. Hanni gaaffii tokko malee hojiirraa nama ariisisa, seeraan nama gaafachiisa. Maamilli ammo gochoota akkanaa kana saaxiluuf mirga guutuu qaba. Kana malees maamilli gocha kana keessatti qooda fudhatee argame seeraan akka gaafatamu hubachiisuun barbaachisaadha.
• Ejjannoo /Intigirity/: Miti-loogummaa, ittigaafatamummaa, amanamummaa, iftoomina, madaalawooma /fairness/olaanaan yeroo hunda
11
hojii keessatti mulachuu akka qabu ibsa.
• Xiyyeeffannaa maammilaa qabaachuu /Customer
focus/: Kenna tajaajila dhaabbatichaa keessatti maamilli utubaa ta’uusaa ibsa. Kanaaf tajaajila qulqullina qabuufi hunduma hirmaachisu kennuun aadaa WALQOti.
• Beekamtii /Recognition/: WALQOn yeroo hunda raawwii olaanaaf beekamtii fi badhaasa ni kenna. Kun hojjetaa bira taree maamilas ni dabalata.
• Bu’aa qabeessummaa (effectiveness): Gahee hojii /mandate/itti kenname gahummaan raawwachuu of keessatti haammata. Kana malees hojii yeroo gabaabaa keessatti raawwachuu fi baasii xiqqaadhaan hojjachuu.
• Ga’umsa ogummaa /Diligence/: Hojii hojjetamu ogummaa fi qulqullina sadarkaa isaa eeggateen raawwachuu.
• Madaqfachuu (Innovation): Mala haarawa madaqfechuu, teeknolojii ammayyaatti gargaaramuu.
• Hojii gamtaa (teamwork): Miiraa gamtaa ijaaruun, walii galuun, walta’uun, odeeffannoo walii kennuu fi gamataan hojjechuun aadaa WALQOti.
12
Kaayyoo WALQO Kaayyoon WALQO bakka gurguddoo lamatti qoodamee ilaalamuu ni danda’a. Inni jalqabaa kaayyoo hawwaasummaa (social objective) yoo ta’u inni lamataa kaayyoo faayinaansii (financial objective) waliin kan walqabatuudha.
a. Kaayyoo Hawwaasummaa (social objective):
WALQO hawaasa keenya baadiyyaa fi magaalaa baroota hedduudhaaf hiyyummaa suukanneessaan dararamaa tureef tajaajila faayinaansii xixiqqaa dhiheessuun dinagdee isaa fooyyessuudha.
WALQO harka qalleeyyiin naannoo Oromiyaa keessa jiraatan deggersa faayinaansii baasii xiqqaan dhiheenyatti argachuun hojjetanii jiruu fi jireenya isaanii akka jijjiiran gochuurratti dhaabbata hojjetuudha. Kanaafis, tajaajila liqii kiraa madaalawaa fi wabummaa salphaa waliin kennaa jira. Kana malees, tajaajila kennu keessatti aadaa fi safuu ummata Oromoo jiddugala godhatee kan hojjetuudha. Tajaajilawwan isaas aadaa fi safuu hawwaasichaa kan calaqqisiisaniidha. Fakkeenyaaf, Qusannaa Handhuuraa kaasuun ni danda’ama.
b. Kaayyoo Faayinaansii (Financial Objective)
Kaayyoo ijoon WALQO inni biraan tajaajila isaa daran bal’isuun feedhii maamila isaa guutuu fi itti-fufiinsa (sustainability) amansiisaa horachuudha.
13
Bulchiinsaa fi Caasaa
Haalli caaseffama bulchiinsa WALQO; Gumii Waliigalaa, Boordii Daarektarootaa fi Maanaajimantii kan haammatuudha.
a. Gumii Waliigalaa (General Assembly):
Gumiin walii galaa qaama olaanaa/supreme organ/ WALQO ti. Innis, qaamolee qabeenya isaanii walitti fiduun dhaabbaticha hundeessan hunda kan haammatuudha. Gumii olaanaan carraa dhaabbatichaa mara irratti murteessuuf aangoo qaba. Kana malees;
• Yaadawwan imaammataa ni burqisiisa
• Miseensota Boordii daarektarootaa ni muuda, muudamasaanii ni mulqa
• Yaada hundeeffamaa / memorandum of association) ni fooyyessa
• Gabaasawwan, baajetaa fi hojiilee dhaabbatichaa ni xiinxala, ni raggaasisa.
b. Boordii Daarektarootaa (Board of Directors): Boordiin daarektarootaa miseensota gumii waliigalaa keessaa kan filataman yoo ta’u aangoon isaanii;
• Gumii waliigalaa bakka bu’anii hojii dhaabbaticha dhiyeenyatti ni hordofu.
• Maanaajimantii dhaabbatichaa ni too’atu
• Murtii Gumii Waliigalaa irratti hundaa’anii hojii
14
dhaabbatichaa ni hordofu, tarkaanfii barbaachisaa ni fudhatu
• imaammata misooma human namaa ni baasu
• Hojiiwwan guddinaa fi dagaagina dhaabbatichaaf barbaachisan kanneen biros ni raawwatu.
c. Maanaajimantii (Management): Dhaabbatichi hoogganaa olaanaa /Executive Managing Director/gumii waliigalaan muudamuun kan gaggeffamu yoo ta’u innis caasaa dhaabbatichaa ijaaruun kaayyoo fi ergama dhaabbatichaa galmaan gahuuf ni hojjeta.
Tajaajilawwan WALQO KennuTajaajila Qusannaa:
WALQO tajaajilawwan qusaannaa adda addaa ni kenna. Bu’aawwan WALQO biratti qusachuun argamsiisu keessaa muraasni:
• WALQO bu’aarratti kan xiyyeeffatte osoo
hin taane ergama dinadgee hawaasa naannoo
Oromiyaa cimsuu fi hiyyummaa xiqqeessuu
qabatee kan hojjetuudha. WALQOtti
qusachuunis milkaa’ina kaayyoo kanaaf
gumaachuudha.
WALQO dinagdee harka qalleeyyii naannoo Oromiyaa fooyyessuuf hojjetuudha. Waldichi
15
ummata keenya sababa harka qallummaa irraa kan ka’e wabii dhiheeffatanii tajaajila liqii baankilee irraa argachuu hin dandeenyeef liqii kennuun hojii akka ummatan, omisha isaanii akka baballifataniifi jiruu fi jireenya maatii isaanii akka fooyyessan hojjeta. Kanaaf, xiyyeeffannaan isaas qonnaan bultoota, horsiisee bultoota, jiraattota magaalaa galii xiqqaa qaban, dargaggoota hoji-dhabeeyyii fi kkf dha.
Maddi dhiheessii liqii waldichaa inni guddaanis qusannaa hawaasa irraa walitti qabumuudha. WALQO qusannaa naannoo tokkorraa walitti
qabu deebisee misoomuma naannoo sanaaf
oolcha. Kun ammoo hawaasni WALQOtti qusachuu qofaan ofiis fayyadamaa misooma naannoo isaatiifis gumaacha godha jechuudha.
• WALQO gosawwan tajaajila qusannaa fedhii
hawaasaa jiddugala godhatan kennuun isaa
adda isa godha.
WALQO fedhii maamilaa yeroo yerootti qorachuudhaan akaakuu (gosawwan) qusannaa adda addaa hojiirra oolchee jira. Kanaafis, maamilli akka fedhii isaatti akka tajaajilamu gochuun danda’ameera.
• Dheenyatti argamuu isaa irraa kan ka’e baasii
16
xiqqaa fi dadhabbii malee tajaajila qusannaa
argachuu kan dandeessisuudha.
WALQO dameewwan isaa magaalaa fi baadiyyaa naannoo Oromiyaa keessatti banuudhaan tajaajila kennu hanga sadarkaa gandaatti gadi buusee jira. Bakka fageenya qabuttis, hawaasa naannoo waliin yeroo fi bakka murteessuun damee dhihoo jiru irraa hojjetaan bobbaa’ee hawaasni tajaajila qusannaa dhiheenyatti akka argatu godhamaa jira. Kunis, hawaasni baasii adda addaatiif osoo hin saaxilamin yeroo gabaabaa keessatti tajaajila barbaade akka argatu godheera. Keessattuu, yeroo ammaa kana hawaasni baadiyyaa damee WALQO isa cina jirutti maamila ta’uun osoo baasii addaaf hin saaxilamin yeroo gabaabaa keessatti tajaajila ammayya’aa argachuu waan danda’uuf akka durii dirqama magaala deemuun irraa hin eegamu.
• WALQO dhaabbata seera qabeessaa qabuu
fi itti-fufiinsi isaa bu’uura amansiisaarra
dhaabbateedha.
WALQO dhaabbata seeraan beekumtii guutuu argatee hundeeffameedha. Tajaajila kennuufis itti-gaafatamummaa seeraa ni qaba. Fakkeenyaaf, maallaqa biratti qusatamuuf
17
eegumsa amansiisaa ni taasisa; wabummaa guutuus ni kenna.
Yerootii gara yeroottis, waldichi guddina walitti fufiinsa qabu galmeessisuurratti argama. Maamila hedduu fi kaappitaala biliyoonaan lakka’amus horatee jira.
Gosawwan Tajaajila Qusannaa WALQO fi Amaloota Isaanii:
1. Qusannaa Idilee / Passbook deposit/:
• Namni umriin isaa waggaa 18 fi isaa olii maamila ta’uu ni danda’a
• Dabatara qusannaa kana banachuun kan danda’amu Qr. 30 fi isaa oliin
• Yeroo kamiyyuu qusachuus ta’e qusannaa ofii baafachuuf kan nama dandeessisuudha.
• Dhaabbatichi qusannaa kanaaf kiraa maallaqa qusannaa %5 ni shallaga.
2. Qusannaa Handhuuraa:
• Ijoollota waggaa 18 gadiitiif maatiin, firootaan yknguddistootaan kan qusatamuufiidha. .
• Qusannaan kun waliigaltee WALQO fi maatii qusatu gidduutti taasifamuun bula.
18
• Waliigaltee kana kan raawwatu damee fi maatii ijoolleeti.
• Waliigalteerratti hundaa’uun waggaa 5 fi isaa oliif osoo baasii hin ta’in kan qusatamuudha.
• Haala turtii isaatiinis dhibbeentaa 6% ti hanga 12% tti kiraa maallaqaa kan argamsiisuudha.
• Qusannaan kun aadaa Oromoo / handhuuraa/ waliin kan walqabatuudha. Gama tokkoon aadaa keenya ammayyeesaa, gama tokkoon borii ijoollee keenyaaf yaaduuf ni gargaara.
3. Qusannaa Sooramaa:
• Kaayyoon isaa namoonni kunniin har’a yoo qusatan yeroo sooroma bahanitti maallaqa hanga tokko akka kuufatanii fi hojii mataa isaanii akka uummatanii fi galii dabalataa argataniifi. Hirkattummaa jalaa akka bahus/tus kan gargaaru yoo ta’u maamilli Qusannaa Sooramaa tajaajila liqii waldichaa dursa akka argatu haalli ni mijaa’aaf.
• Nama umriin isaa waggaa 18fi isaa ol ta’e kamiinu kan hirmaaachisu ta’ee waliigalteedhaan yoo xiqqaate waggaa 5’f osoo baasii hin ta’in kan qusatamuudha.
• Xiyyeeffannaan qusannaa kanaa namoota galii qaban kanneen akka hojjetaa mootummaa fi kan birooti.
19
• Waliigaltee irratti hundaa’uudhaan dhala dhibbeentaa 6% hanga 10% tti kan argamsiisuudha.
• Akkuma qusannaa handhuraa, namni qusannaa sooromaa haala waliigalteen yoo qusachuu baate kan keessumeeffamu seera qusannaa idileetiini.
4. Qusannaa Saanduqaa:
• Gareen xiyyeeffannaa (target group) tajaajila qusannaa kanaa namoota hojii daldalaa xixiqqaarratti boba’an fi kkf. Keesumatuu namoonni daldala xixiqqaa hojjetan kan magaala keessatti “gabaa Gulit” jedhamuun beekamutti daldalan, suqiilee, daldaltoota baadiyyaa ni haammata. Qusannaa kan harcaatii maallaqaa baasii guyyaa irraa hafe qusachuun akkuma salphaatti irratti hirmaachuun ni danda’ama. Haala kanaan maallaqa guddaa haala salphaa ta’een qusachiisuun ni danda’ama. Garuu hordoffii fi hubannoo guddaa uumuu gaafata.
• Maamilli saanduqa tajaajila kanaaf oolu damee WALQO irraa fudhachuun guyyaa guyyaan gara damee osoo hin deemni bakka jiruu isaatti saanduqa qusannaatti qusachuu ni danda’a.
• Yeroo saanduqni guutu gara dameetti geessuun dabtara irratti galii godhata
• Yeroo barbaade kamittis qusannaa isaa baafachuun
20
itti fayyadamuu ni dandeessisa;
• Maamilli qusannaa kanatti fayyadaman WALQO irraa liqeeffatanii daldala isaanii akka guddifataniif haalli ni mijataaf;
• Kiraa maallaqaa qusannaa kanaaf herregamu dhibbeentaa 5%.
• Furtuun saanduqa qusannaa kanaa Damee WALQO bira ta’a.
5. Qusannaa Kiraan Maallaqaa Irratti Hin kaffalamne:
• Xiyyeeffannaa tajaajila kanaa namoota sababa adda addaatiin kiraa maallaqa qusannaarratti hin barbaadneedha.
• Namni umriin isaa waggaa 18fi isaa ol ta’e kamiyyuu itti fayyadamuu ni danda’a.
6. Qusannaa Yeroon Daangeffame: /Time deposit/
• Maamilli qusannaa kanatti fayyadamuu barbaadu Qr. 30,000 fi isaaoli ji’a sagalii hanga ji’a digdamii afuriitti kan baasii hin taane ol ka’achuu qaba.
• Baayyina maallaqa qusatamuu fi turii yeroo irratti hundaa’unis dhala dhibbeentaa 5.15% hanga 6% tti kan argamsiisuudha. Baayyina maallaqichaa irratti hundaa’uudhan dhala kanaan olitti guddisuun ni
21
danda’ama. Garuu murtii maanaajimantii waajjira olaanaa barbaada.
7. Herrega Socho’aa: /Current account)
• Daldaltoota ykn qaama kamuu tajaajila cheekii barbaadaniif kan dhihaateedha.
• Maamilli qusannaa kanatti fayyadamuu barbaadu jalqaba irraa kaasee Qr. 1,000 fi isaa oli WALQO bira kaawwachuun irraa eegama.
• Maallaqa kanaaf maamilli kaffaltii tajaajilaa ni kaffalla.
• Tajaajilli kun dameewwan maayikroo baankii fi dameewwan murt’aan qofarratti jiraata.
Tajaajila Liqii: WALQO tajaajila liqii gosa adda addaa kenna. WALQO irraa liqeeffatanii hojjechuunis sababoota armaan gadiitiif ni filatama.
• Dhiheenyatti argumaa isaa: WALQO uwwisa tajaajilaa bal’aa qaba. Aanaalee Oromiyaa hunda keessattis taajila isaa diriirsee jira. Kanaaf, hawaasni dhiheenyatti tajaajila waldichaa argatee itti fayyadamuu danda’a.
• Kiraa liqii (loan fee) madaalwaan tajaajila kan kennu
ta’uu isaa: WALQO tajaajila liqii kennuurratti kiraa
22
madaalawaa herrega. Kunis, Liqii ARAAXAA dhaan kennamaa tureefi armaan dura ummata keenya dararaa fi hiyyummaa hamaatiif saaxilaa ture hambiseera.
• Fedhii fi humna maamilaa irratti hundaa’uudhaan
tajaajila liqii gosa adda addaa waan kennuuf ni
filatama. WALQO fedhii addaa fi humna hawaasa keessa jiru qorachuu fi madaaluun gosawwan liqii adda addaa kennuurratti argama. Kanaanis, kutaalee hawaasaa fedhii addaa qaban kan akka dargaggootaa, eebbifamtoota dhaabbilee barnoota olaanaa fi dubartootaaf bifa addaan tajaajila ni kenna.
• Gosa wabii (collateral type) filannoo adda addaatiin
waan dhiheessuuf ni filatama. Tajaajilli WALQO kennu namoota galiin isaanii sadarkaa adda addaarra jiru irratti waan xiyyeeffatuuf wabiin gaafatamus humna liqeeffattootaa irratti kan hundaa’e ta’ee filannoo garagaraa kan qabuudha. FKN: Wabii garee (several & joint guarantee), wabii dhaabbilee (institutional guarantee) fi kkf.
• WALQO tajaajila hanna irraa bilisa ta’e kennuuf
kutannoo waan qabuuf ni filatama. Dhuudhalee WALQO keessaa inni tokko hannaa fi yaaliin hannaa ykn gochi kiraasassaabdummaa kenniinsa tajaajila waldichaa keessatti akka hin uumamne ittisuu fi yoo uumame mararfannaa tokko malee tarkaannifii sirreeffamaa fudhachuudha. Kanaaf, kaffaltii tajaajilaa
23
ifatti maanuwaalii dhaabbatichaa irra ta’anii fi nagahee seera qabeessi itti kennamuun ala kaffaltiin kamiyyuu maamilarraa akka hin fuudhamne ni dhorka.
• WALQO irraa liqeeffatanii hojjechuun jiruu fi
jireenya ofii fooyyeffachuuf akkasumas guddina
biyyaa saffisiisuuf fayyada. Liqii WALQO kennuun baayyeen jiruu fi jireenya isaanii fooyyeffachuu bira darbee abbootii qabeenyaa ta’anii jiru. Tajaajilli waldichi kennus hoji-dhabdummaa hir’isuu fi industirii baballisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Kana malees, liqii waldichi hojii baballina humna ibsaa fi madda aannisaa haarawaa (renewable energy) irratti kennaa jiru kunuunsa naannoo fi uwwisa humna ibsaa biyyatti keessattuu kan naannoo baadiyyaa guddisuu keessatti bu’aa gaarii argamsiisaa jira.
• WALQO irraa liqeeffatanii hojjechuun qabiinsa/
bulchiinsa maallaqaa fi ogummaa liqeeffatanii
hojjechuu nama barsiisa. Maammilli tajaajila liqii WALQO maallaqa xiqqoon bu’aa guddaa akkaataa itti argachuu danda’u ni barata. Kanaafis, WALQO maamiloota isaaf wiirtuu/jiddugala bulchiinsa maallaqaa itti barataniifi ogummaa liqeeffatanii hojjechuu gabbifatanii dha.
24
Gosawwan Tajaajila Liqii WALQO fi Amaloota Isaanii:
WALQOn tajaajila liqii gosawwan torbaa ol kan qabu yoo ta’u isaanis haala qajeelfama dhaabbatichaatiin kan raawwatamaniidha.
1. Liqii Gurmuu:
2. Liqii Gurmuu Baadiyyaa
• Gareen xiyyeeffannaa gosa liqii kanaa qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota yoo ta’u dhimmi liqiin kennamuufis omishaafi omishtummaa maamilaa guddisuufi.
• Wabii gareetiin kan kennamuudha.
• Yeroon liqiin keessatti deebi’u waggaa tokko kan hin caalleedha.
• Kiraan maallaqaa /loan fee/ isaa waggaatti %17 ta’ee hanga liqiin deebi’aa deeme hafteerratti qofa kan herregamuudha (declining interest rate).
3. Liqii Gurmuu Magaalaa
• Gareen xiyyeeffannaa isaa jiraattota magaalaa hoji-dhabeeyyii ta’an ykn galii gad aanaa qabaniidha.
• Dhimmi liqiin irratti kennamuufis namoonni galii hin qabne hojii akka ummatanii fi namoonni galii gad-aanaa
25
qaban galii isaanii akka guddifataniifi.
• Wabii gareetiin kan kennamuudha.
• Yeroon liqiin keessatti deebi’u waggaa tokko kan hin caalleedha.
• Kiraan maallaqaa /loan fee/ isaa waggaatti %17 ta’ee hanga liqiin deebi’aa deeme hafteerratti qofa kan herregamuudha (declining interest rate).
4. Liqii IMX:
• Dargaggoota, eebbifamtoota dhaabbilee barnoota olaanaa fi jiraattota magaalaa fi baadiyyaa waldaa interpiraayizii maaykiroo fi xixiqqaan ijaaramaniif kan kennamuudha.
• Waldaan IMX tokko liqii kana argachuun dura gosa hojii irratti boba’aniin fi wabii dhiheeffataniin yoo haala addaan murtaa’e malee Qr. liqeeffatan 10% -20% tti dursanii qusachuu qabu. Kunis;
üWabii qabeenya dhaabbataa kan ofii ykn kan qaama sadaffaa kan dhiheeffatu yoo ta’e %10
• Akka seera biyyaa fi naannootti akkataa ijaarsa waldaalee eeyyamamanii gurmaanii wantoota irraa barbaadamu kan akka eeyyama daldalaa, lakkoofsa TIN, bakka hojii fi waliigaltee isaa ,fi, xalayaa wabii, kkf qopheeffachuun irraa eeagama
26
• Karoora daldalaa /biizinasii/ jiddu gala godhate qopheeffachuun irraa eegama. Kanuma wajjin iyyata damee aanaa isaanii keessa jirutti dhiheeffatu.
• Wabii qaama bulchiinsaa irraa kan dhiheeffatan ta’ee hojiin irratti boba’an meeshaa alaa galu biyya keessatti kan omishu yoo ta’e %15. Hojii biroo irratti kan boba’an yoo ta’e garuu %20 qusachuu qabu.
• Liqiin IMX waggaa 1 hanga 3 gidduutti kan deebi’uudha.
• Liqiin hoji geggeessuuf /working capital/ kennamu waggaa 1 keessatti kan deebi’uudha.
• Liqiin investimentiidhaaf kennamu waggaa 2 hanga 3 tti turuu kan danda’uudha.
• Haalli kaffaltii waliigalteerratti hundaa’ee yeroo yeroon kan raawwatuudha. / installment base/
• Liqii waldaalee IMX’f kennamurraatti waggaan %13 kiraan maallaqaa irratti herregama. /Declining rate/
• Dameelee hundarrattuu liqiin kun ni kennama.
5. Liqii Daldalaa:
• Xiyyeeffannaan isaa waldaalee ykn nama dhuunfaa hojii daldalaarratti argaman;
• Wabii qabeenya dhaabbataa (mana seera qabeessa) kan ofii ykn qaama sadaffaa kan dhiheeffachuu danda’an; manaaf
27
wabiitti qabamuuf inshuraansii galuun barbaachisaadha.
• Karoora daldalaa kan qopheeffataii damee aanaan isaanii keessatti argamutti iyyata galfachuu
• Liqiin daldalaa hoji-adeemsisuuf (working capital) liqeeffamu waggaa 1 keessatti kan deebi’u yoo ta’u kan investimentiif liqeeffamu ammoo waggaa 2 hanga 3 tti deebi’a.
• Kiraan maallaqaa liqii kanarratti herregaamu dhibbeentaa 17% dha.
• Liqiin kun ammaaf kan kennamu dameewwan maayikroo baankii fi maanaajimantiin waajjira olaanaa bakka murteesse qofarratti.
6. Liqii WEDP
• Gareen xiyyeeffannaa liqii kanaa dubartoota ji’a 6 fi isaa oliif hojii daldalaa irratti boba’aniidha.
• Liqii kana argachuuf wabiin dhihaachuu qabus qabeenya dhaabbataa (mana) dha. Yoo waldaalee IMX ta’an miseensonni isaanii % 50 oli dubartoota ta’uu qabu.
• Yeroo liqiin WEDP keessatti deebi’uu qabu;
• Liqii hojii adeemsisuuf (working capital) kenname yoo ta’e waggaa 1 keessatti deebi’uu qaba.
• Liqii investimentiidhaaf kenname yoo ta’e ammoo waggaa 2 hanga 3tti deebi’a.
• Haalli deebii liqii yeroo yeroodhaan ta’ee waliigalteen
28
murteeffama. /Installment base/
• Liqii kanarratti waggaan dhalli %13 ni herregama.
• Ammaaf liqiin kun kan kennamu dameewwan murtaa’an qofarratti.
7. Liqii Dhimma Waliigalaa /General Purpose Loan/
• Gareen xiyyeeffannaa liqii kanaa miindeffamtoota dhaabbii (Hojjettoota mootummaa, miti mootummaa fi kkf)
• Liqii kana argachuuf wabiin dhihaachuu qabus miindaa gitaa fi wabii namaa ykn qabeeenya dhaabbataa
• Yeroo liqiin dhimma waliigalaa keessatti deebi’uu qabus waggaa 2 dha.
• Liqii kanarratti waggaatti kiraa maallaqaa /loan fee/ %17 tu herregama.
8. Liqii Ijaarsaa /Housing Loan/
• Gareen xiyyeeffannaa liqii ijaarsaa miindeffamtoota dhaabbii (Hojjettoota mootummaa, miti mootummaa fi kkf) ijaarsa manaa jalqabanii yoo xiqqaate bu’uura kan baasan
• Wabii gosa liqii kanaaf dhihaachuu qbus miindaa gita ta’e ykn qabeeenya dhaabbataa ykn manuma ijaarsarra jiru sanaadha.
• Yeroo liqiin keessatti deebi’u qabu waggaa 5.
• Kiraan maallaqaa /loan fee/ isaa dhibbeentaa 17.
29
Tajaajila Inshuuraansii Xixiqqaa: Tajaajilli inshuuraansii xixiqqaa tajaajila liqii gurmuu magaalaa fi baadiyyaarraatti qofa kan kennamuudha. Innis, liqeeffataan yeroo liqii itti deebisuu qabu keessatti akka tasaa du’aan yoo boqote liqiin (idaan) irra jiru gara maatii isaatti akka hin dabarre kan godhuufii idaa liqeeffataa guutummaa guutuutti irraa kan haqsiisuudha.
Tajaajila Maallaqa Dabarsuu: WALQOn tajaajila maallaqa dabarsuu biyya keessatti ni kenna. Haaluma kanaan, dameewwan isaa naannoo Oromiyaa fi Harar akkasumas bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi Dirre Daawaa keessatti argamanitti fayyadamuudhaan tajaajila maallaqa dabarsuu biyya keessatti ni kenna.
Tajaajila baankii mobaayilaa (M-Birr): WALQOn tajaajila Moobaayil Baankingii dhaabbata ‘M-Birr ICT Service Plc’ jedhamu waliin waltuun maamiloota isaaf kennuurratti argama. Tajaajilli kun karaa bilbila moobaayiliitiin maallaqa qusachuu, baasuu, kaffaltii adda addaa raawwachuu, maallaqa dabarsuu, bittaa fi gurgurtaa adeemsisuu fi kkf gochuuf kan dandeessisuudha.
Tajaajila bulchiinsa maallaqaa: WALQO tajaajila bulchiinsa maallaqa qaama sadaffaa kennuurratti muuxannoo guddaa qaba. Waldichi maallaqa ykn fandii dhaabbilee mootummaa fi miti-mootummaa kan akka baankii addunyaa kkf irraa gara isaa dhufan dhimma misoomaa barbaadamerra akka oolu gochuun ga’umsaa fi qulqullinaan bulchaa tureera; ammas
30
fandii dhaabbilee biyya keessaa fi alaa hedduu bulchaa jira.
Tajaajila Gorsaa: WALQO tajaajila gorsaa bilisaan maamila isaa hundaaf ni kenna. Haa ta’u malee, tajaajilli kun bal’inaan kan irratti xiyyeeffatu qonnaan bultoota, horsiisee bultoota, dargaggootaa fi dubartoota. Kaayyoo guddaan tajaajila kanaas itti-fayyadama liqii fi barbaachisummaa qusannaa irratti hubannoo hawaasaa dagaagsuu dha.
Tajaajila WALQO argachuuf kaffaltii gaafatamu?
Tajaajila liqii WALQO argachuuf kaffaltiwwan armaan gadii maamila irraa ni eegama.
• Kaffaltii miseensummaa (membership fee): Kaffaltiin miseensummaa liqii gurmuu irratti qofa kan gaafatamu yoo ta’u innis miseensi gurmuu mataatti Qr. 10 kan kaffalu ta’a.
• Kaffaltii tajaajilaa (service charge): Kaffaltiin kun tajaajilaa liqii WALQO kennu hundarratti kan kaffalamuudha. Kunis, liqeeffataan yerooma liqii fudhatetti yeroo tokkoof kan kaffalamu 3% qofa.
Hub:- Kaffaltii WALQO biratti Raawwatamu kamiifuu dhaabbanni nagahee seeraa qaba. Kanaaf kaffaltiin nagahee malee sassaabamu hin jiru. Kana maamillis beekee mirga isaa kabachiifachuu qaba.
31
Mala Maammilli Haaraan Ittiin Horatamuu Keessaa
Hojiin ijoo Qondaala Tajaajila Maamilaa (QTM) tokko yeroo yerootti odeefannoo funaanuun maamila haaraa horachuu dha. adeemsi kunis mala saayinsaawaa ta’een deeggaramuun qaba. Haaluma kanaan kitaaba kana keessatti adeemsi horannaa maamilaa bifa saayinsaawaa ta’een itti horatamuu danda’uuf qophaa’ee jira. Bu’uuruma kanaatiin Qondaaltoonni Tajaajila Maamilaa keenyas qabxiiwwan ka’uumsaa kanneen akkasumas haala hojmaata /qajeelfama horannaa maamila haaraa sirritti hubachuun hojiitti jijjiiruun irraa eeggama.
1. Nama/Waldaa maamila ta’uu danda’a jedhamee
yaadamu adda baafachuu (prospecting the to be
targeted customer or focus group): Adeemsa maamila haaraa horachuu keessatti hojiin QTM tokkoo, jalqaba nama/waldaa ulaagaa maamilummaa guutuu danda’u adda baafachuu dha. kunis hawaas-dinagdee naannichaa xinxaluu fi beekuu gaafata. Kanaaf QTM tokko maamila qusannaa ta’ee kan Liqii haaraa horachuuf dursee sakatta’iinsa naannoo /Environment Scan/, Xinxala haala keessaa (Internal Environment analysis/ fi Xinxala haala alaa (External Environment analysis/ gaggeessuun qaamoolee maamila ta’uu danda’an (dhuunfaa fi Waldaa) adda baasee galmee maqaa /Contact list/ dhimma kanaaf qophaahe irrattii galmeefachuun qabachuun barbaachiisaa dha.
32
2. Qophii (Pre-approach): Hojiin maamila adda baasuutti aansee hojjn QTMtiin hojjatamuu qabu bu’uura hojmaata kennaa tajaajila liqii fi qusannaa dhaabbatichaa akkasumas odeefannoowwan gara garaa kan eenyummaa qaamootii maamiluumaaf yaaddamanii (fedhii, amala, aadaa fi… kkf) dabalatee hojii kana milkeessuu keessatti gatii qaban jedhamanii yaaddaman kanneen biroo qindeefachuun odeefannoo waaltawaa ta’e dabarsuun hojii hubannoo uumuuf qophii barbaachisaa gochuu barbaachisaa dha.
3. Maamila waliin walitti dhufeenya uumuu (Approach):
Sadarkaa kanarratti QTM carraa argatu hunda fayyadamuun yaada rimee(concept), maalummaa fi Kaayyoo Dhaabbilee Dhiheessa Maallaqa Xixiqqaa, hawaasa (galiin isaanii gad-aanaa ta’aniif tajaajila faayinaansii hunda qabeessa dhiheessuun jiruuf jireenya nama dhuunfaa akka jijjiramu taasisuu cinaatti Guddinna hawaas-diinagdee akka Addunyaatti, Biyyaa fi Naannoo keenyaatitti galmaahaa turee fi jiru keessatti gaheen Dhaabbilee Dhiheessii Maallaqa Xixiqqaa salphaa akka hin taanee fi kanneen keessaa WALQO’n tokko ta,uu isaa eeruun, keessattuu eenymmaa, kaayyoo fi Gosa tajaajila yeroo ammaa kana WALQO’n kennamaa jiranii karaa ifaa fi bilisa ta’een hawaasa qayyabsiisuun barbaachiisaa dha. haaluma walfakkaatuun hojiin keenya hundaa yaadaa, hawwii fi fedhii qaamolee maamila ta’uu danda’an jedhamanii
33
yaaddamanii jiddugaleessaa gochuu qaba. Kanaaf, Qabiyyee fi tooftaan itti dhihaatu gosaa fi fedhii qaama maamilummaaf kadhimamanii irratti kan hundaa’u ta’ee; qophii barbaachisu hundaa dursaan taasiisuun murteessaa yammuu ta’u, Yaada, haasawaa ykn dubbii barsiisuuf itti fayyadamnu hundi duudhaa fi safuu hawaasa naannoo kan kabajuu fi mala hawwataa ta’een dhiheessuun barbaachisaa dha.
4. Tajaajila ofii maamilatti dhiheessuu/himuu
(Presentation): QTM’n haaluma qabxii ka’uumsaa lakk. 3ffaa irra taa’eetiin qaamoolee maamila ni ta’u jedhamanii yaaddamanii adda bahaniif Gosa tajaajila faayinaansii hunda qabeessa yeroo ammaa kana WALQO’n kennamaa jiranii keessattuu tajaajila Liqii maamilaaf kennamu cinaatti tajaajilli qusannaa bu’aa nama dhuunfaa irraa kaasee hanga sadarkaa biyyaatti qabu sirriitti qayyabsiisuun barbaachisaadha.
5. Goolabuu (Close): sadarkaa kana irratti qaamootiin maamilummaaf kaadhimamanii ibsi waliigalaa kennamaa fi ture filannoo lama qaba. Innis battalumatti maamila ( liqii fi qusannaa ykn Qusannaa qofa) ta’uu; yookin ammoo lamaanuu ta’uu dhiisuu yoo ta’u; fedhii fi filannoon isaanii kabajamuu qaba. dhuma irratti qaamootii maamila ta’uu barbaadaniif tajaajila saffisaa fi qulqullina qabu dhiheessuun /kennuun/ keessummeessuun barbaachisaa dha. kanneen yeroof
34
maamila ta’uu hin murteessiniif ammoo akka itti yaadaniifi yeroo isaaniif mijatetti akka maamila ta’uu danda’an ibsuufiin carraa kennuufi dha.
6. Hordoffii (Follow up): Qaamootii maamila ta’anii fi hin ta’inis hordofuun barbaachisaa dha. toohannaa fi hordoffii maamiltoota keenyaaf gochuun kan barbaachisuuf itti-quufinsa tajaajila keenya irraa argatan ittiin madaaluuf akkasumas ciminnaa fi hanqinna maamilli yeroo yeroon nutti agarsiisu sirriitti barreefannee qabachuu qabna. Haaluma kanaan ciminna akka ciminnaatti qabachuun akka galtee muxannoo gaarii qindeessuuf gargaaruutti qabachuun barbaachiisaa yoo ta’u; gama hanqinna ilaaluun wanttoota akka hanqinnaatti nu qaqqaban adda baasuun keessattuu hanqinaalee sadarkaa /gita/ keenyatti furamuu danda’an utuu yeroo itti hin kennin furuu fi kan sadarkaa olaanuuf darbuu qabus atattamaan dabarsuu fi hojii irra oolmaa isaa hordofuun barbaachisaadha.
Hojiin hordoffii biraan kan barbaachisu nama/qaama ibsa gahaa argatee garuu yeroof maamila ta’uu hin murteessin haala hin nuffisiisneen irra deddeebi’anii gaafachuu fi yeroo mijateefittis gara maamilummaatti akka dhufu gochuun barbaachiisaa dha.
35
Dhaadannoo (Tagline) WALQOWALQO dhaadannoo ittiin of ibsu qaba. Dhaadannoon kun ergama waldichaa jiddugala kan godhateedha. Dhaadannoo kanas hojjetaan waldichaa beekee beeksisuun barbaachisaadha. Kanaaf, Qondaaltonni Tajaajila Maamillaa yeroo maamilaa wajjin wal arganitti dhaadannoo kana maamila beeksisuu qabu.
Dhaadannoon WALQO afaan sadiitti (Afaan Oromoo, Amaariffaa fi Ingiliffatti) hiikamee jira. Afaan maamilli danda’uun akka barbaachisummaa isaatti beeksisuunis gaarii ta’a.
Dhaadannoo WALQO:
• Deggeraa Misooma Ummataa
• የብዙሃን የልማት አጋር
• Committed to Mass Development
=========================//===============================
36
Max
xan
tuu
# 1
: Wal
daa
Ak
siyo
on
a L
iqii
fi Q
usa
nn
a O
rom
iyaa
go
saa
taja
jiil
a li
qii
fi u
laga
lee
isa
an
i
lakk
Para
met
rii
liqii
kana
IMX
-A
l erg
iiIM
X g
abaa
bi
yyaa
kee
ssaa
Li
qii H
ojet
aaLi
qii
gurm
uuLi
qii i
jaar
sa
man
aLi
qii
Baad
iyaa
Liqi
i wal
daa
gam
taa
baad
iyaa
Liqi
i w
alda
a ga
mta
a m
agaa
laa
Wal
daa
wal
ga
rgar
saa
baad
iyaa
Wal
daa
wal
ga
rgar
saa
mag
aala
Afo
shaa
M
agaa
la
Liqi
i D
alda
ltoot
a D
ubar
toot
aa.
1
maa
mila
X
iyee
fana
a ke
nnam
uf
FKN
:-
Dhi
raa,
Dha
laa
Dhi
raa
fi dh
alaa
Dhi
raa
fi dh
alaa
Dhi
raa
fi dh
alaa
Dhi
raa
fi dh
alaa
Dhi
raa
fi dh
alaa
Dhi
raa
fi dh
alaa
Dhi
raa
fi dh
alaa
Dhi
raa
fi dh
alaa
Dhi
raa
fi dh
alaa
Dhi
raa
fi dh
alaa
Dhi
raa
fi dh
alaa
Dhi
raa
fi dh
alaa
2
Haa
la
keen
insa
a Li
qii,F
KN.
Gur
muu
fi
Dhu
nfaa
Dhu
nfaa
Dhu
nfaa
Nam
a to
kko
Gur
muu
Nam
a to
kko
Gur
muu
Gur
muu
Gur
muu
Gur
muu
Gur
muu
Gur
muu
Dhu
nfaa
3
Um
urii
maa
mila
, Fk
n: W
agga
a 18
-75.
wag
aa18
fi isa
ol
wag
aa18
fi is
a ol
Soro
ma
Ba’u
uf
wag
aa 5
f isa
ol
kan
haffe
f18
-60
Soro
ma
Ba’u
uf
wag
aa 5
f isa
ol k
an
haffe
f
18-6
018
-60
18-6
018
-60
18-6
018
-60
>=
wag
aa 1
8
4Q
arsh
iiQ
arsh
iiQ
arsh
iiQ
arsh
iiQ
arsh
iiQ
arsh
iiQ
arsh
iiQ
arsh
iiQ
arsh
iiQ
arsh
iiQ
arsh
iiQ
arsh
iiQ
arsh
ii
5H
anga
a liq
iiYe
roo
hin
mur
toof
neef
Yero
o hi
n m
urto
ofne
efYe
roo
hin
mur
toof
neef
1 -
15,0
00Ye
roo
hin
mur
toof
-ne
ef
1 ha
nga
15,0
001
hang
a 15
,000
1 ha
nga
15,0
001
hang
a 15
,000
1 ha
nga
15,0
001
hang
a 15
,000
-
6Ye
roo
turm
aata
liqi
iH
anga
ji,a
36
Han
ga j
i,a 3
6H
anga
ji’a
24
Yoo
xiqa
te
hang
a ji’a
12
Hag
a ji’a
60
Wag
aa 1
Wag
aa 1
Wag
aa 1
Wag
aa 1
Wag
aa 1
Wag
aa 1
Han
ga j
i,a 3
6
7Ye
roo
Har
aa
galfa
nna
liqii
Wal
daa
IMX
ha
raw
aafis
ta,
e ka
n tu
reef
ji,a
6
Inve
stim
antii
f W
alda
a ha
raaf
ji,a
2 h
ojii
Ade
emsii
stuf
.
Wal
daa
IMX
ha
raw
aafis
ta,
e ka
n tu
reef
ji,a
6
Inve
stim
an-
tiif W
alda
a ha
raaf
ji,a
2
hojii
Ade
emsii
stuf
.
--
--
--
--
-
Wal
daa
IMX
ha
raw
aafis
ta,
e ka
n tu
reef
ji,a
6
Inve
stim
antii
f W
alda
a ha
raaf
ji,a
2 h
ojii
Ade
emsii
stuf
.
37
8
Hal
aa k
afal
tii
liqii
FKN
:-Ji,a
an,
Torb
iin,
Kurm
aana
n,
kkf
Ji,aa
n,Ku
rmaa
nan,
-Ji,
aa 6
n .
Ji,aa
n,Ku
rmaa
nan,
-Ji,
aa 6
n .
Ji’aa
nJi,
aa fi
ku
rmaa
nan
Ji’aa
nD
hum
a ku
r-m
aana
tti
Dhu
ma
kurm
aana
tti
Ji,aa
fi k
ur-
maa
nan
Dhu
ma
kur-
maa
natt
i
Ji,aa
fi k
ur-
maa
nan
Ji,aa
fi k
ur-
maa
nan
Ji,aa
n,,K
ur-
maa
nan,
Ji,aa
6n
.
9G
osoo
ta
kira
a liq
ii
Hal
ii ka
falti
i ka
n hi
r’ach
aa
deem
u.
Hal
ii ka
falti
i ka
n hi
r’ach
aa
deem
u.
Hal
ii ka
falti
i ka
n hi
r’ach
aa
deem
u.
Hal
ii ka
falti
i kan
hi
r’ach
aa
deem
u.
Hal
ii ka
falti
i kan
hi
r’ach
aa
deem
u.
Kafa
ltii
hala
a w
al
fakk
atuu
n ka
fala
maa
ad
eem
uu
Kafa
ltii
hala
a w
al
fakk
atuu
n ka
fala
maa
ad
eem
uu
Hal
ii ka
falti
i kan
hi
r’ach
aa
deem
u.
Kafa
ltii
hala
a w
al
fakk
atuu
n ka
fala
maa
ad
eem
uu
Hal
ii ka
falti
i kan
hi
r’ach
aa
deem
u.
Hal
ii ka
falti
i kan
hi
r’ach
aa
deem
u.
Hal
ii ka
falti
i ka
n hi
r’ach
aa
deem
u.
10Ki
raa
liqii
13%
13%
17%
17%
17%
17%
17%
17%
17%
17%
17%
13%
11Li
qii i
ratt
i kaf
-al
tii t
ajaa
jilaa
kafa
lam
uu.
Qar
shii
dhaa
n ka
falti
i taj
aajila
a (3
%)
kafa
luu
Qar
shii
dhaa
n ka
falti
i ta
jaaj
ilaa
(3%
) ka
falu
u
Qar
shii
dhaa
n ka
falti
i taj
aajila
a (3
%)
kafa
luu
kafa
ltii
taja
ajila
a (3
%)
durs
ani
kafa
luu
Qar
shii
dhaa
n ka
falti
i ta-
jaaj
ilaa
(3%
) ka
falu
u
kafa
ltii
taja
ajila
a (3
%)
kafa
ltii
taja
ajila
a (3
%)
kafa
ltii
taja
ajila
a (3
%)
kafa
ltii
taja
ajila
a (3
%)
kafa
ltii
taja
ajila
a (3
%)
kafa
ltii
taja
ajila
a (3
%)
Kafa
ltii i
yann
o liq
ii (3
%)
Qar
shiin
12A
dabb
ii
Qar
shii
yero
on
kaffa
ltii i
saa
darb
ee
hadh
oo ir
ratii
ad
abii
3%
kaffa
lam
a
Qar
shii
yero
on k
affa
ltii
isaa
darb
ee
hadh
oo ir
ratii
ad
abii
3%
kaffa
lam
a
Qar
shii
yero
on k
affa
ltii
isaa
darb
ee
hadh
oo ir
ratii
ad
abii
3%
kaffa
lam
a
Not
sp
ecifi
ed
Qar
shii
yero
on
kaffa
ltii i
saa
darb
ee h
adho
o irr
atii
adab
ii 3%
ka
ffala
ma
--
--
--
Qar
shii
yero
on
kaffa
ltii i
saa
darb
ee
hadh
oo ir
ratii
ad
abii
3%
kaffa
lam
a
13H
alaa
kaf
altii
ad
abii
Qar
shii
yero
on
kaffa
ltii i
saa
darb
ee
hadh
oo ir
ratii
ad
abii
3%
kaffa
lam
a
Qar
shii
yero
on
kaffa
ltii i
saa
darb
ee
hadh
oo ir
ratii
ad
abii
3%
kaffa
lam
a
Qar
shii
yero
on
kaffa
ltii i
saa
darb
ee
hadh
oo ir
ratii
ad
abii
3%
kaffa
lam
a
Non
e
Qar
shii
yero
on
kaffa
ltii i
saa
darb
ee
hadh
oo
irrat
ii ad
abii
3%
kaffa
lam
a
--
--
--
Qar
shii
yero
on k
affa
ltii
isaa
darb
ee
hadh
oo ir
ratii
ad
abii
3%
kaffa
lam
a
14H
ala
kafa
ltii
raaw
wi l
iqii
caca
bsan
ii ka
falu
uca
cabs
anii
kafa
luu
caca
bsan
ii ka
falu
uca
cabs
anii
kafa
luu
caca
bsan
ii ka
falu
u
Dhu
ma
kur -
maa
natt
i
Dhu
ma
kurm
aana
tti
caca
bsan
ii ka
falu
u
Dhu
ma
kur-
maa
natt
i
caca
bsan
ii ka
falu
uca
cabs
anii
kafa
luu
caca
bsan
ii ka
falu
u
38
15
Yero
o ho
jii:-
FKN
: Wag
aa :
360
Guy
yaa,
Wag
aa :
365
Guy
ya)
365
365
365
365
365
365
365
365
365
365
365
365
16
Lakk
.maa
mi -
laa
yoo
xiqa
ate
ykn
yoo
guda
te
haal
a ka
falti
i liq
ii G
urm
uu
kees
atti
.FKN
.Yoo
xi
qaat
e 3
fi yo
o gu
date
6
ta’u
u qa
ba.
--
Dhu
nfaa
yoo
xiqa
te
5 fi
yoo
guda
te.2
5D
hunf
aa
yoo
xiqa
te 5
fi
yoo
gu-
date
.50
yoo
xiqa
te
5 fi
yoo
guda
te.5
0
yoo
xiqa
te
5 fi
yoo
guda
te.2
5
yoo
xiqa
te
5 fi
yoo
guda
te.5
0
yoo
xiqa
te
5 fi
yoo
guda
te.2
5
yoo
xiqa
te
5 fi
yoo
guda
te.2
5-
17
Qus
anna
liqi
i irr
aa c
ituu
5%
%
5 liq
ii fu
dhat
an
irraa
cita
a
%5
liqii
fudh
atan
irr
aa c
itaa
%5
liqii
fudh
atan
irr
aa c
itaa
%5
liqii
fudh
atan
irr
aa c
itaa
%5
liqii
fudh
atan
irr
aa c
itaa
%5
liqii
fudh
atan
irr
aa c
itaa
-
18Q
usan
na li
qii
dura
a qu
sata
mu
5%-1
5%5%
-15%
10%
10%
eeyy
eee
yye
eeyy
eee
yye
eeyy
eee
yye
lakk
i
19Q
usan
aa
liqii
dura
a?
(eey
ye/la
kki)
eeyy
eee
yye
eeyy
eee
yye
eeyy
eD
hiba
n-ta
anD
hiba
ntaa
nD
hiba
n-ta
anD
hiba
n-ta
anD
hiba
n-ta
anD
hiba
n-ta
anla
kki
20
Hal
aa
qusa
naa
liqii
dura
a FK
N:
Dhi
ban -
taad
haan
, m
urta
’aa.
Dhi
bant
aan
Dhi
bant
aan
Dhi
bant
aan
Dhi
ban-
taan
Dhi
bant
aan
5%
upfr
ont
dedu
c -tio
n
5% u
pfro
nt
dedu
ctio
n5%
upf
ront
de
duct
ion
5%
upfr
ont
dedu
ctio
n
5%
upfr
ont
dedu
ctio
n
5%
upfr
ont
dedu
ctio
n-
21H
amm
a qu
sann
a liq
ii du
raa
Liq
ii du
raa
15%
qus
achu
L
iqii
dura
a 20
% q
usac
hu
Liq
ii du
raa
10%
qus
achu
Liqi
i mir-
kana
a’ee
irr
a 5%
ka
n ci
te
ta’u
Liq
ii du
raa
10%
qu
sach
u
25
.00
25.0
0
25
.00
25.0
0
25
.00
25.0
0
100.
00
22Q
usan
aa ji
’aa
10
0.00
100.
00
100.
00
25
.00
10
0.00
-
--
--
--
39
Max
xan
tuu
#2:
Wal
daa
Ak
siyo
ona
Liq
ii fi
Qu
san
na
Oro
miy
aa M
adaa
li G
osoo
ta Q
usa
nn
a
lakk
Mad
aalii
Ta
jaaj
ilam
toot
a
Gos
a qu
sann
a - 1
Gos
aqu
sann
a - 2
Gos
a qu
sann
a - 3
Gos
a qu
sann
a -4
Gos
a qu
sann
a -5
Gos
a qu
sann
a -6
Gos
a qu
sann
a -7
Gos
a qu
sann
a -8
Qus
anaa
Dir
qii
Qus
anna
fe
dhii
qusa
nna
yero
o m
urta
,ee
f tur
e/ka
yata
me
Qus
anna
So
oram
aQ
usan
na
hand
uura
Qus
anna
sand
uqaa
Qus
anna
dhal
a hi
n Q
abne
Qus
anna
ba
sii d
anga
m
ale
(cur
rent
acco
unt)
1
Gos
a ta
jaaj
ilam
toot
a
irat
ti xi
yeef
atu
Fkn
Liqe
fata
fi K
anliq
efat
a hi
ntan
e
Maa
mila
liq
efat
aaH
unda
Hun
daH
unda
Hun
daH
unda
Hun
daH
unda
2G
osa
qusa
nna
Fkn:
-Qus
anna
dir
qii
fi fe
dhii
Qus
anaa
Dir
qii
Qus
anna
fe
dhii
Qus
anna
fedh
iiQ
usan
na fe
dhii
Qus
anna
fe
dhii
Qus
anna
fe
dhii
Qus
anna
fe
dhii
Qus
anna
fedh
ii
3H
aala
hoj
iichi
itti
ho-
jeta
mu
Fkn:
Gur
muu
f dh
unfa
adha
anLa
chuu
Lach
uuLa
chuu
Lach
uuLa
chuu
Lach
uuLa
chuu
Lach
uu
4
Um
uriin
m
aam
ilito
ota
of
kees
ati q
abat
u Fk
n w
agaa
18
ol
18 o
l18
ol y
kn
18 g
ad
18 o
l18
ol
18 o
l ykn
18 g
ad
18 o
l ykn
18 g
ad
18 o
l ykn
18 g
ad
18 o
l
5Q
arsh
iiQ
arsh
iiQ
arsh
iiQ
arsh
iiQ
arsh
iiQ
arsh
iiQ
arsh
iiQ
arsh
iiQ
arsh
ii
6H
amm
a qu
sata
muu
qa
bu.
Liqi
i gur
muu
irra
qa
rshi
i% 2
5 ,Ij
aars
a m
anaa
tif ,l
iqii
hoje
eta
moo
tum
ma,
fi im
x qa
rshi
i 100
Kan
hin
-m
urto
ofnn
e>=
30,
000.
0010
+10
+10
+10
+K
an h
in-
mur
toof
nne
40
7Tu
rtii
qusa
nno
Haa
la k
afal
ti ir
ratt
i hu
nda’
uun
Kan
hin
-m
urto
ofnn
eji’
a 3-
wag
ga
2W
agga
5 fi
is
sa o
lW
agga
5 fi
is
sa o
lK
an h
in-
mur
toof
nne
Kan
hin
-m
urto
ofnn
eK
an h
in-
mur
toof
nne
8Q
arsh
ii xi
qoo
yero
o ja
lqab
aaf i
ttin
ban
a -m
u.
Liqi
i gur
muu
irra
5%
liq
ii du
ra g
osa
liqii
biro
o ir
ra q
arsh
ii 10
ha
ga in
ni q
usan
na
liqii
dura
a
1030
,000
.00
1010
1010
1,00
0.00
9Q
arsh
ii ja
lqab
aa
-
2020
2020
2020
20
10Ye
roo
qusa
naa
Fkn
jia’a
n ,y
eroo
hin
mur
-to
ofne
ef
ji;a
dura
ykn
ji;a
ji’
aan
yero
o hi
n m
urto
ofne
eye
roo
hin
mur
toof
nee
yero
o hi
n m
urto
of-
nee
yero
o hi
n m
urto
ofne
e
yero
o hi
n m
urto
of-
nee
yero
o hi
n m
urto
ofne
eye
roo
hin
mur
toof
nee
11K
iraa
(Dha
la) n
ida
bala
taa
eeyy
e/la
kki
Eeyy
eEe
yye
Eeyy
eEe
yye
Eeyy
eEe
yye
Lakk
iLa
kki
12
Wal
ii ga
ltee
dhal
a tu
rtii
qars
hi ir
atti
here
gam
u Fk
n W
alii
galte
e qa
rshi
i xiq
oo
dhal
ii ir
atti
here
gam
u
Qar
shii
xiqo
o ji;
a ke
esa
dhal
i ira
tti
here
gam
u
Qar
shii
xiqo
o ji;
a ke
esa
dhal
i ir
atti
here
-ga
mu
Qar
shii
xiqo
o ji;
a ke
esa
dhal
i ir
atti
here
-ga
mu
Qar
shii
xiqo
o ji;
a ke
esa
dhal
i ira
tti
here
gam
u
Qar
shii
xiqo
o ji;
a ke
esa
dhal
i ir
atti
here
-ga
mu
Qar
shii
xiqo
o ji;
a ke
esa
dhal
i ira
tti
here
gam
u
hin
qabu
hin
qabu
13K
iraa
n qu
sann
aaf
herr
egam
u m
eeqa
?5%
5%5.
15-6
%6-
10%
6-12
%5%
hin
qabu
hin
qabu
14D
heer
ina
yero
o w
alii
galte
e dh
alaa
ji’aa
nji’
aan
ji’aa
nji’
aan
ji’aa
nji’
aan
hin
qabu
hin
qabu
15ye
roo
daba
lata
a dh
alaa
ji’aa
nji’
aan
ji’aa
nji’
aan
ji’aa
nji’
aan
hin
qabu
hin
qabu
41
16K
affa
lttii
dabt
ara
chee
kii ,
Eeyy
ee/
Lakk
iLa
kki
Lakk
iLa
kki
Lakk
iLa
kki
Lakk
iLa
kki
Eeyy
ee
17hi
r’in
aa ta
x dh
alaa
ir
ra
eeyy
e/ la
kki
Eeyy
eEe
yye
Eeyy
eEe
yye
Eeyy
eEe
yye
Lakk
iLa
kki
18D
hiba
ntaa
tax
dhal
araa
5%5%
5%5%
5%5%
Lakk
iLa
kki
19Li
qii w
aliin
kan
wal
i qa
bate
e ee
yye/
lakk
iEe
yye
Lakk
iLa
kki
Lakk
iLa
kki
Lakk
iLa
kki
Lakk
i
20G
osa
qusa
nna,
liqi
i du
raa
fi liq
ii bo
oda
Lach
uuLa
kki
Lakk
iLa
kki
Lakk
iLa
kki
Lakk
iLa
kki
21W
alii
galte
e se
era
cab -
uuf t
a’ee
fkn
kafa
ltii
dhal
aa l
iqii
jijir
uu
--
Dha
la li
qii
jijir
uuD
hala
liqi
i jij
iruu
Dha
la li
qii
jijir
uu-
--
22Ba
raa
hojii
fkn
wag
ga
tokk
oguy
ya 3
60 y
kn
365
365
365
365
365
365
365
365
365
23G
osa
qusa
nna
fkn
yero
o to
kko
ykn
yero
o la
ma
Lach
uuLa
chuu
Lach
uuLa
chuu
Lach
uuLa
chuu
Lach
uuLa
chuu
24G
osa
Basi
i fkn
haa
d-ho
o qo
fa,D
hala
qof
a ,la
chu,
hin
jiru
Hun
daH
unda
Hun
daH
unda
Hun
daH
unda
Haa
dho
qofa
Haa
dho
qofa
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52
53
54
55
56