2020 of social science...2020 fuula 2 i. ibsa koorsichaa koorsiin og-walaloo jedhamu kun barattoota...
Post on 10-Feb-2021
2 Views
Preview:
TRANSCRIPT
-
2020
Fuula
2
I. Ibsa Koorsichaa
Koorsiin og-walaloo jedhamu kun barattoota muummee Afaan Oromoofi Og-barruu waggaa
lammaaffaatiif seemisteera lammaffaarratti kan kennamu yommuu ta‟u, barattoonni yaadrimee
og-walaloo akka hubataniifi dameewwan og-barruu kaanirraa akka adda baafataniif kan
kennamuudha. Akkasumas dandeettii walaloo barreessuu, qaaccessuufi xiinxaluu akka
horataniifi sadarkaa guddina walaloo oromoo akka hubataniif kan gargaaruudha.
II. Kaayyoo Koorsichaa
Barattoonni koorsii kana haala gaariin erga xumuranii booda:
Seenaafi yaadiddamoota og-walaloo hubachuun dandeettii walaloosaanii ni gabbifatu.
Hiika walaloo ni hubatu.
Tooftaalee walaloon ittiin barreeffamu ni baratu
Beekumsa walaloo cimsachuun waloo ta‟u
Akaakuu walaloo adda baafatu
Yaadrimee walaloofi gahee inni hawaasa keessatti qabu adda baafatu
Caacculee walaloo adda baafatu
Walaloowwan Afaano Oromoo ni qaaccessu.
-
2020
Fuula
3
BOQNNAA TOKKO
1. OGWALALO
Gaaffilee armaan gadii yaadannoo kana dubbisuun dura deebisuuf yaali.
1. Walaloon hojii akkamiiti?
________________________________________________________________________
________________________________________________________________________
________________________________________________________________________
________________________________________________________________________
_____________________________________________________.
2. Ammaan dura walaloo dubbistee beektaa? Dubbistee beekta yoo ta‟e walaloo
dubbisterraa maal argatte/ hubatte?
________________________________________________________________________
________________________________________________________________________
________________________________________________________________________
________________________________________________________________________
_______________________________________________________________.
3. Walaloo hojiiwwan ogbarruu warren akka asoosamaafi diraamaafaarraa maaltu adda
taasisa?
________________________________________________________________________
________________________________________________________________________
________________________________________________________________________
________________________________________________________________________
________________________________________________________________________
-
2020
Fuula
4
1.1.SEENDUUBEE WALALOO
Walaloon durii sirboota yaadannoo seenaafi seeraan wal qabatuudha. Akkasumas sirboota aadaa,
sirboota jaalalaa, seenaa, ta‟iiwwwan guyyuu, siyaasaa, kadhannaafi faarfannaawwan amantii
waraabamanii kaa‟aman ta‟anii kan bifa sammuu namaa keessa turuu danda‟aniin kan
qophaa‟niidha. Hojiiwwan walaloo durii kunis bara 1500 DhKD kaasanii kan mul‟atan yommuu
ta‟u, yaadannoowwan, muudannoofi muuxannoo jireenyaa afaaniffaan kan yaadachisaniifi kan
seenessaniidha.
Afrikaa keessatti seenaan jalqabbii walaloo seenaa jalqabbii adamoo, dhaadannoofi boo‟ichaan
kan wal qabatu yommuu ta‟u, naannoo sulula laga Naayil,Niijeeriifi Vooltaatti eegale jadhamee
amanama. Walaloon barreeffamaa Afrikaa yeroo jalqabaatiif kan argame barreeffamoota
Piraamiidiirratti naannoo jaarraa digdamii shanaffaa (25ffaa
) DhKD keessa jedhama. Yeroo
sanarraa kaasee hawaasni Afrikaa dhummoota jireenyasaanii kanneen akka siyaasaa, amantii,
aadaa, bashannanaafi kkf walaloon ibsachuu eegalan.
Seenaan jalqabbii walaloo ammaayyaas jaarraa 20ffaa hanga 21ffaatti akka ta‟e ragaaleen ni
ibsu. Maddi walaloo ammayyaas af-walaloowwan sirbootaati. Walaloon ammayyaa yeroo
jalqabaatiif eenyuun akka barreeffame beekamuu baatus walaloowwan baroota kana keessa
barreeffaman kan namoota Gilgamesh, Hoomer, Mahabharatafi Ramayana baroota kana mul‟achaa
turan keessaa isaan muraasa.
1.2.Maalummaa Walaloo
Walaloon gosa barreeffamoota gaggabaaboo keessaa tokko ta‟ee dubbifamummaa guddaa kan
qabuudha. Gabaabina isaaf sababa kan ta‟u keessaa tokkoo walaloon hiika/ dhaamsa bal‟aa
jechoota muraasatti fe‟ee kaa‟uusaati. Jaarraa hedduun dura seenaan hunduu bifa walaloon
dhihaataa ture. Har‟as taanaan walaloon seenaa dhiheessuun dubbifamaa jira. Walaloon oguma
sammuufi keessoo dubbistootaa keessa turuudha. Kana malees miira dubbistootaa itti
-
2020
Fuula
5
dhiheenyaan kan tuttuquudha. Sagalee yookaan qooqaafi yeedaloo qabu fayyadamuun ciminaafi
kallattiin kan nutty dubbatuudha.
Og-walaloon oguma(art). Ogumni ammoo ga‟umsa waa tolchuu yookaan uumuuti. Og-walaloon
(poetry) jecha Girikii „poieo‟ isa hiika tolchuu yookaan uumuu jedhu qaburraa fudhatame.
Walaloon dhaga‟iitii cimaa osoo hinbeekin/ utuu itti hinyaadin waloorraa akka fudhannu nu
dirqisiisa. Dhimma kanaan walqabsiisee og-walaloof yemmuu hiika kennu William Wordsworth
“it is spontaneous overflow of powerful feelings” jechuun lafa kaa‟a. walaloon qooqa waloon
(voice) ittiin ilaalcha, miira, xiyyeeffannoosaa isa dubbistoota yookaan dhaggeeffattoota isaan
ga‟uudha. . Akkuma amma ammaatti ilaaluuf yaalletti walaloo hiika adda addaatu namoota adda
addaan kennamaa ture; jiras. Hiika adda addaa qabaachuusaatiif sababa garaagaraa eeruun
nidanda‟ama. Sababni inni jalqabaa umrii dheeraa jiraachuu walalooti. Umriisaa dheeraa kana
keessatti hayyuuleen adda addaa walaloowwan yeroo garaagaraa keessa turanirratti
ilaalchootaafi fuulleffannoo yeroo sana keessa turanirratti hundaa‟uun bifa garaagaraatiin hiikuu
yaalaniiru.
Kana malees hayyuuleen og-walaloo walaloof hiika kennuu kan yaalan qorannoofi barreeffama
ofii bu‟uura godhachuun waan ta‟eef hiikawwan isaan kennan kaayyoo qorannoofi barreeffama
isaanii waliin kan deemu ta‟a. Hayyuun og-barruu Hari Shaw jedhamu yaada kana yemmuu ibs
u, “walaloon qabiyyee, unkaafi kaayyoo adda addaa kan of keessatti hammatu waan ta‟eef
hiikawwan namoonni hundinuu irratti waliif galan tokko kennuufiin rakkisaadha.” Jedha. Yaada
hayyuun kun kennerraa walaloon qabiyyee, unkaafi kaayyoo adda addaa qabaachuunsaa bifa
adda addaatiin akka ilaalamuufi hiikawwan adda addaa akka inni argatu isaa taasisuusaanii
hubanna. Hiikawwan baay‟een wallaloon qabu keessaa muraasa isaanii akka armaan gadiitti haa
ilaallu.
Namni maqaan isaa hindhahamin tokkoo walaloof yoo hiika kennu wanta garmalee/ ciminaan
nutti dhagaa‟amunuuf ibsuurraati kan garaa nu ga‟u walaloo ta‟uusaa “ barreeffamni tokko wanta
-
2020
Fuula
6
hololodhaan (prose) ibsuu dadhabne kan nuuf ibsu yoo ta‟e, barreeffama sanaan walaloo jechuu
wayya ” jechuun kaa‟a.
P.B Shell hayyuun jedhamu immoo walaloo yemmuu hiiku “walaloon gabaasa muuxannoo
gammachiisaafi bareedaa sammuu cimaafi gammadaa keessaa burquudha” jedha. Akka hiika
kanaatti walaloo hojii gaariifi miidhaga‟aa ta‟ee sammuu nama jireenya walfakkatu jiraatuufi
cimina qabu keessa argamu ta‟uusaatu hubatama.
Yaada kana Elisabet Bishop yemmuu keessu “ walaloon gosa og-barruu wantoota kumaatama
yeroo tokkotti bakka tokkotti fiduudha” jetti. Kana jechuun walaloon unka gabaabaa qabaatee
dhimma bal‟aa kan dhiheessudha jechuudha. Bifuma walfakkaatuun walaloon dhimmaa
dhiheessu tokko guddisee, qalama dibee, ibsaa irraatti ibsee, cimseefi gabaabsee jechoota
filatamoo isaatiin kan qindeessee dhiheessuufi yeedaloo isaatii miira namaa qirqirsaa dhiheessa .
Dhimma namni P. Laurence jedhamu akka itti aanuu kanaan kaa‟eera.
Walaloon gosa og-barruu baay’ee tuulamaa jechoota muraasan waan
baay’ee jechuu danda’udha. Gosoota og-barruu biro caalaa jechoota humna
qabeeyyiitti kan fayyadamufi sararoonni isaa yaada ibsamu sana wal harkaa
butaniiifi walgargaaranii xiyyeeffannoon kan ifa taasisaniidha. Walaloon
qooqa ifaafi ho’ina burqisiisuudha.
Filannoo jechootaatti dabalataan tartiibni / akkaataan tarreeffama jechoota walaloo ibsuu
keesssatti akka amala tokkootti ilaalamuu danda‟a. kana bu‟uureffachuun walaloof yeroo
hiika kennu S.T.Coleridge “walaloo jechoota filatamoo tartiiboota filatamoo ta‟aniin kan
dhiheessuudha (the best words in the best order)” jedha.
Gosoota og-barruu kaanirraa bifa adda ta‟een walaloon yaada (idea) bu‟uureffata. Yaadotni inni
dhiheessu safuu yookaan barnoota qabatamaa miti. Kana jechuun amala keenya sirreessuuf
akkasumas akkamittiin qabeenya akka horannu kan nutti himu yookaan barsiisu miti. Yaadonni
-
2020
Fuula
7
walaloon dhihaatan miira jireenyaa akka dhandhamannu, waa‟ee ofii keenyaafi addunyaa kanaa
ifatti akka hubannu nu taasisa. Dhimma kana ilaalchisee T.S.Eliot yaada “it is not the assertion
that something is true, the making of that truth more fully real to us” jedhu lafa kaa‟a. Walaloon
caalmaatti dhaga‟iitii (feeling) waliin wal qabata. Yeroo baay‟een miira cimaa itti dhaga‟amu
namootaaf qooduufi jechootaan kaa‟uuf barreessa. Miironni kun aarii, gammachuu, gadda,
naasuu, gaabbii, hawwiifi kkf ta‟uu danda‟u.
Walaloon bifa lama qabaachuunsaa nibeekama. Inni tokko walaloo afoolaa /afwalaloo yemmuu
ta‟u, inni biraanimmoo walaloo barreeffamaa/ walaloodha. Walaloon barreeffamaa ilmi namaa
barreeffamaan waliin galuu erga jalqabanii booda jalqabe. Walaloon afoolaa garuu isa durii
jalqabee dhalootaa dhalootatti darbaa har‟a ga‟eedha. Haa ta‟u malee af-walaloofi walaloon
barreeffamaa dame og-barruu ta‟uu akka danda‟an namoonni baay‟een ni dubbatu. Yaadrimeen
kun amansiisaa miti. Sababnisaas af-walaloon dame afoolaa, walaloonimmoo dame og-0barruu
waan ta‟aniifi. Umriin afoolaafi afaanii (qooqaa) tokko ta‟uu akka danda‟utu himama.walaloon
afoolaa kunis warren akka walaloo geerarsaa, gelloo, weelluufi sirba aadaa, sirba ateetee, tarii
makmaaksotaafi hiibboowwan amala walaloo qabaatan fa‟i.
SHAAKALA 2
1. Walaloon hiika garaagaraa maaliif qabaate?
________________________________________________________________________
________________________________________________________________________
________________________________________________________________________
_______________________________________________________________________.
2. Garaagarummaan walaloo afoolaafi walaloo barreeffamaa gidduu jiru maali?
________________________________________________________________________
________________________________________________________________________
________________________________________________________________________
-
2020
Fuula
8
________________________________________________________________________
_______________________________________.
3. Walaloon wanta hololoon ibsuuf nutti ulfaatu niibsa yoo jenne maaliif?
________________________________________________________________________
________________________________________________________________________
________________________________________________________________________
_______________________________________________________________________
1.3.Caacculee walaloo
Walaloon amala isaatiin jechoota muraasa dhaamsa baay‟ee baatan faayyadamee kan dhihaatu
waan ta‟eef qusannaa guddaan beekama. Jechoota muraasa fayyadamuun miira baay‟eefi
ciccimaa nu miireffachiisa. Yaadota dhiheesuu suuressuu fayyadamuun argaa yaadaa akka ilaalu
godha. Yeedaloo sarara lakkoofsaan walqixa ta‟a, jechootaafi sagaleewwan walfakkaataniin
uumamaniin, irra deddeebii jechootaa, gaaleewwanii fi sarara walaloon uumamuun golee gurra
keenyaa keessa nutty minyaa‟a. wantoota, gochaaleefi uumama garagaraa walbira qabuun
dorgomsiisaa, walfakkeessaafi wal mormsiisaa nutti mul‟isa. Walumaagalatti haalota armaan
olitti kaasne kana ibsuuf caacculee itti aananii dhufan armaan gadiitiin ijaarama.
1.3.1. Suura (image)
Walaloo hojjechuun kan jalqabu yeroo dhaamsa waloo fudhannuufi miira isaa qooddannuudha.
Kunis kan ta‟uu danda‟u waloon suura sirrii muuxannoo isaa uumuuf waan yaaluufi. Kana
jechuun waloon adeemsa walaloo barreessuu keessatti jechoota miira isaa sana baachuu yookaan
qabachuu danda‟an barbaada/ filata jechuudha. Og-walaloo keessatti jechoonni waa sammuu
keenya keessatti uuman suuraalee (images) jedhamu. Suuraaleen miira keenya bira qaqqabuu
danda‟u. sagalee, dhandhama, fooliifi boca wanti tokko qabu akka miira keenyatti mul‟atu godhu
suuraaleen kuni. Kanaaf walaloon nuti dubbisnu gara addunyaa yaadaa walootti nu fudhachuuf
humna cimaa waan qabuuf gara sanatti nu fudhata.
-
2020
Fuula
9
1.3.2. Waqixxummaa /safara (meter)
Safarri amala walaloo isaa baay‟ee barbaachisaa ta‟eedha. Walaloon tokko walqixxummaa qaba
yemmuu jennu sararoonni toota walaloo tokkoo (keeyyata walaloo) tokkoo keessa jiran walqixa
dheeratu jechuuudha. Kana jechuunis yeroon sararoota walaloo isaa walqixa ta‟an dubbisnee
xumuruuf nu fudhatu walqixa jechuuudha. Tilmaama yeroo dubbisuuf nuu gaafatutti dabaltaan
baay‟ina birsagootaatiin walqixxuummaa safaruun nidanda‟ama. Kana jechuun baay‟inni
birsagoota sararoota walaloo isaa tuuta (keeyyeta) tokko keessa jirani walqixa walaloo
walqixxummaa qabu keessatti jechuudha.
1.3.3. Sagaleefi ga’ee isaan walaloo keesatti qaban
Dhiibbaa sagaleeleen qaban waloof barbaachisummaa ofiisaanii qabu. Kanaaf, dhiibbaa
sagaleeleen geessisan haala garaagaraatiin mul‟atan fayyadama waloon. Isaan kana keessaa
warren armaan haa ilaallu.
1. Wal-unannaa Sagaleelee (rhyme)- walfakkeenya yookaan tokkummaa sagaleelee
bakka walfakkaatutti keesumaa ammoo dhuma sarara walaloorratti mul‟atuudha.
2. Dhikkisa (rhythm)- dhikkisni wanta walaloo qofaa keessatti beekamu miti. Yeroo
bishaan daaknu, yeroo deemnu, yeroo sirbinu, yeroo shubbisnu, yeroo lafa qonnuufi kkf
mul‟achuu danda‟a. Marsaan waktilee waggaa akka dhikkisaatti ilaaluun nidanda‟ama.
Kanaaf dhikkisni dhiibbaa qindoominni yookaan tarreeffamni wantoota kallattii ta‟e tokkoon
qabachuun miira keenyarran ga‟aniidha. Karaa biraatiin keesumaa walaloo keessatti tokko
tokkoo sarara walaloo keessatti irra dedeebii birsaga jabaafi laafaatu akka dhikkisaatti
ilaalama.
3. Marmaartuu (refrain)- jecha, gaalee yookaan hima/sarara walaloo yookaan walaloo
sirbaa keessatti ammaa amma deddeebi‟ee dhufuudha. Yeroo mara marmaartuun dhaamsa
ijoo walaloo yookaan faaruu tokkoo hammatee jiraata.
-
2020
Fuula
10
4. Allitireeshinii (alliteration)- sagalee dubbifamaa jechoota baay‟ee keessatti irra
deddeebi‟ee mul‟atuudha, keessaayyuu jechoonni gara jalqabaarraa walitti siqanii dhufan
keessatti ilaalama.
5. Assoonaansii (assonance)- sagalee dubbachiiftuu jechoota baay‟ee keessatti irra deddeebiin
dhufuudha, keesumaayyuu jechoota gara jalqabaarratti dhufan keessatti ilaalama.
6. Akkeessituu (onomatopoeia)- itti fayyadama jechoota sagalee hiika isaanii akkeessu
qabaniiti. Fakkeenyaaf dhoqdhoqqeen maqaa mootora geejibaa geengoo deemsaa lama
qabuufi sagalee “dhoq, dhoq, dhoq…” jedhu qabuuti. Kanaaf akkeessituu jechoota amala
sagalee akkeessuu qabaniifi hiikni isaan qabaniifi sagalee isaan walfakkaatuuti.
Shaakalaa 3
1. Walaloo yeroo dhaggeeffatamu/dubbifamu qooqa muuziqaa qabaata. Kun maaliif sitti
fakkaata?
___________________________________________________________________________
___________________________________________________________________________
___________________________________________________________________________
________________________________________________
2. Fuula waraqaarratti yoo taa‟uu barreeffamni walaloofi hololoo garaagarummaa akkamii
qaba?
___________________________________________________________________________
___________________________________________________________________________
___________________________________________________________________________
___________________________________________________________________________
________________.
-
2020
Fuula
11
3. Walaloo yeroo dubbisnu yookaan dhaggeeffannu akka ijaa argaa jirruu, foolii wayii
funyaanii suunfannuu, sagalee gurraan dhaggeenyuufi akka waan qaqqabaa jirruutti nutti
dhagaa‟ama. Kun maalirra kan ka‟e sitti fakkaata?
___________________________________________________________________________
___________________________________________________________________________
___________________________________________________________________________
___________________________________________________________________________
___________________________.
1.3.4. Dubbii Qolaa
Akkuma jireenya jiraannu keessatti wantoota walbira qabaa/ dorgomsiisaa oollu, waloonis walaloo
isaa keessatti wantoota walbira qaba. Kana gochuuf yeroo baay‟ee walaloo keessatti walbira qabbiin
tooftaa lamaan raawwata.
Walaloon amala dubbii qolaa heddumminaan fayyadamuu qaba. Dubbiiwwan qolaa sammuu
dubbisaa yookan dhaggeeffataa keessatti human suuraa kaasuu waan qabaniif walaloo keessatti
baay‟inaan argina. Walaloon dameewwan og-barruu warra kaan caalaa dubbiiwwan qolaa addaa
addaa fayyadamuudhaan muudannoofi muuxannoo, miira, ilaalchaafi yaadawwan mul‟atan
arbeessee kanneen hin mul‟anne haala qabatamaafi ifa ta‟een mul‟ee miidhagsee dhiheessuu
danda‟a. Wanti hin mul‟anne tokko hamma wayii gahee kan ijaan hin mul‟anne akka argamu, akka
qaqqabatamu godhee dhiheessuuf walaloon human guddaa qaba.
Yaadawwan addaa addaa, ta‟iiwwan walxaxoo akkasumatti qullaasaanii osoo hin ta‟in waan biraa
kan isaan hin fakkaanneen haguugamanii, walcinaa qabamanii yookan bakka buufamanii dhihaatu.
Garaagarummaa isaanii keessatti tokkummaan isaanii ifa bahee argama. Arrabaan dhamdhamuu,
gurraan dhaggeeffachuu, harkaan tuttuquu, ijaan ilaaluurra arga yaadaatiin ilaalamanii hubatamu.
Dubbiin qolaa waantoota garaa garaa wal maddii qabanii madaalchisuudhan,wanti, yaadni, amalli,
-
2020
Fuula
12
dhageettiin, gochi, hawwii, namni ykn bineensi tokko irra caalaa akka hubatamuufi gargaara.
Dubbiin haalawaa oguma keessatti filannoo jechoota waliin walqabatee eddoo guddaa qaba.
Faayidaa Dubbii Qolaa
ergaa ifaafi gabbataa ta'eefi miidhagina qabuun dabarsa
haqa ijaan hinmul'anneefi harkaan hinqabne gadifageenyaan dhiyeessuufi fakkaattii
sammuu nama keessattii uumuuf gargaara.
Akaakuu Dubbii Qolaa
Akaakuu dubbii qolaa ilaalchisee yaddota hedduun kan jiran yommuu ta‟u baay‟inni akaakuu
dubbii qolaa kunis dhibbaa ol akka ta‟an namoonni tokko tokko ni dubbatau. Haa ta‟u malee
warren ijoon ta‟aniifi bal‟inaan mul‟atan kanneen armaan gadiiti. Hayyoonni tokko tokko akka
ibsanitti, gosoonni dubbi haalawaa bayy'inaan hanga dhibba lamaafi shatamaa ol ta‟u jedhanii
dhiyeessu. Haata'uu malee, hanga hammaatti kan hojii irraatti mulatan muraasa. Malleen dubbii
kunii oguma keessaatti iddoo olaanaa waan qabaniifi barreessitoonni beekamoon bayyinaan itti
fayyadamuu.
A. Akkasaa (Simile)
Akkasaan akaakuu dubbii qolaa waan tokko kan birootti fakkeessee waldorgomsiisuun
dhiheessuudha. Walfakkeenya waantota waldorgomsiifaman kana lamaanii ibsuufis jechoota
„Akkaa‟Ffi „Fakkaata‟ jedhamanitti fayyadama. Gabaabumatti akkasaan:
Waan tokko waan biroo waliin wal maddii qabanii ibsuuf gargaara.
Innis wanti sun akka ifaan hubatamu fi fakkii sammuu dubbisaa keessatti akka uumu
taasisa.
-
2020
Fuula
13
Jechoota akkaa fi fakkaata jedhanitti fayyadamuudhaan waan tokko waan birootiin wal
bira qabsiisanii himuudha.
Kunis wanti hin beekkamin tokko akka beekkamu taasisa.
Fakkeenya
An ofan fakkaadhaa
Yoo ati adii uffattu
Ani gurraachumaa
Yoo ati gurraachoftu
Ani gurraachumaa
Kan akka gaararraa
Shan fakkaatu sumaa
Fakkaachuufi ta‟uun
Lameen walii lamaa
B. Bakkuusaa (Metaphor)
Akaakuun dubbii qolaa kun guutumaan guututti amala waan tokkoo birootti uffisuun kan
dhiheessuudha. Bakka buusni amala, raawwii, unkaa waan tokkoo kan birootiif kennuun malleen
dubbii uumamuudha. Wantoota waliin madaalaman lama akkuma waan tokko ta'anitti ibsama.
Bakka buu'sni tooftaa barreessaan jechootatti fayyadamuun wantoota amala garagaraa lama
tokko taasisuuf gargaaru jechuun addessaa. Jechootaafi gaaleetti fayyadamuudhaan wantoota
lama wal bira qabuun madaaluun akka danda'amuu ibsa.
-
2020
Fuula
14
An ofan fakkaadhaa
Yoo ati adii uffattu
Ani gurraachumaa
Yoo ati gurraachoftu
Ani gurraachumaa
Kan akka gaararraa
Shan fakkaatu sumaa
Fakkaachuufi ta‟uun
Lameen walii lamaa
C. Nameessa (Personification)
• Nameessi amala namaa waantota nama hin taaneef kenna. wantoonni adda addaa amala
ilma nama qabaachuun, wantoota garaa garaa yeroo rawwatan mul'atu.
• wantoonni nama hinta'in lubbuu qabeeyyiifi dhabeeyyiin amala ilma namaa gonfachuun
gocha gara garaa raawwatuu jechuun ibisa.
• Amala ykn dandeetti ilma namaa qaban wantoota nama hinta‟in, kanneen lubbuu
qabeeyyiifi lubbu dhabeeyyii goonfachiisuun dubbatama.
• Malleen dubbii akkanaa kana keessatti kan nama hintaane yeroo waan namni hojjeetu kan
akka dubbachuu , nyaachuu, dhuguu, dheebachuu, kolfu, gaddu fi kkf yeroo hojjetan
argamu.
-
2020
Fuula
15
FKN:
A. Waan godhan dhabanii
Yommuu rakkatanuu
Ibsaan taajjabeeraa
Yommuu barreessanuu
Galma keessa turee
Yommuu murteessanuu
Akka garaasaanii
Yommuu odeessanuu
B. An ofan fakkaadhaa
Yoo ati adii uffattu
Ani gurraachumaa
Yoo ati gurraachoftu
Ani gurraachumaa
Kan akka gaararraa
Shan fakkaatu sumaa
Fakkaachuufi ta‟uun
Lameen walii lamaa
D. Fakkeessummaa (symbolism)
Akaakuun dubbii qolaa kunimmoo waantota addaa addaa lama akkaataa walitti
dhiheenyasaanitiin bakka walii busuun dhiheessa.
-
2020
Fuula
16
Fakkeenya: Ifa-Beekumsa
Dukkana-Wallaala
Abaaboo- Ijoollee
Karaa dheeraa- Jireenya
E. Habalakaa (Irony)
• Habalakaan dubbii qolaa waantota karaa faallaa ta‟een ibduudha. hojii ogbarruu keessatti
dhaamsi dhiyaate faallaa haalgalumsa ifatti mul‟atuu sanaa ta‟uu jechuudha.
• Fkn- nama gowwaan gamna,
nama gabaabaa birbirsa yoo jedhan habalaka jedhama jechuudha.
Hojii ogbarruu keessatti dhimmaa tokkoo faalla isaatiin yoo ibsamuu agarsiisa jechuudha.
F. Arbeessuu (Dhaadhessuu) (Hyperbole)
• Gosti dubbii qolaa kunimmoo dhugaa jiru tokkorraa ka‟uudhaan hanga jiruu olitti ol
kaasuun guddisee kan dhiheessuudha.
• Arbeessuun dubbiin haalawaa barreessiitoonni yaada tokko sadarkaa dhugaa jirurraa
olkaasanii ibsuuf itti gargaaramani.
• Sababa kanarraa kan ka‟e, barreessaan wanta tokko sadarkaa isaa olkaasuufi gadi buusuf
tooftaa kanattii akka fayyadamu agarsiisa.
• Dhimma tokko akka malee dhaadhessuun ykn olkaasun (exaggerate) ibsuu yoo dhiyaatu
jechuudha.
• Dhimmaa tokko hanga amanuuf nama rakkisuutti ykn humna isaati ol taasisuun yeroo
ibsamu hojii ogbarruu keessatti ni mula‟ata.
-
2020
Fuula
17
Fkn: Maal taate kan ija manarratti fannistee teessu?
Goolii eegaan Arsenal kubbaa mitii gaabiiyyuu osoo itti darbatanii danda‟ee hin qabu.
G. Anyaarsee (Satire Some)
Akaakuun dubbii qolaa kunimmoo faallaa arbeessuu ta‟ee dhugaa jiru tokko akka malee gadi
buusee kan dhiheessuudha. Fakkeenyaaf nama gabaabadhaan “ Namicha amma gufuu gahu
san” jechuu
H. Maq-teessoo
Kunimmoo namoota mana yookan galma isaan keessa jiraniin kan waamuudha.
Fkn: Manni itti walii galeera.
Ameerikaan yaada kennuurraa of-qusatteerti.
I. Mitiyyee (Paradox)
Malleen dubbii kun yaada faallaa walii qaban ciroon / galee ykn himaan ibsuun agarsiisudha.
Dhimmii haala kanaan ibsamuu dhugaa ta‟uu baatus yaada dhugaa bifaa xinxaaluun irrag‟uu
danda‟amuun dhiyaata. Fakkeenyaaf:
a. Oso arguu hinargu,
b. Reeffa lubbuu qabu
c. Du‟aa jiraa caaluu,
d. Iyyaa callisaa,
e. Osoo deemtuu hindeemtu
-
2020
Fuula
18
f. Oso nyaatu hinnyaatu.
1.3.5. Filannoo Jechootaa
Walaloon jechoota filatamoo gaggabaaboofi miira namootaa hawwatan kanneen ergaa
barbaadame dabarsuu danda‟an fayyadamuu qaba. Filannoon jechootaa walaloon keenya akka
human qabaatu taasisa. Jechoota yommuu filannu waantonni nuti yaada keessa galchuu qabnu,
miidhaginaa yookan miira namaa harkisuufi ergaa bal‟aa of-keessatti haammachuu
danda‟uusaaniti.
Walaloon amala qusatamummaafi odumamummaa of keessaa qaba. Kunis jechoota muraasaan
ergaa bal‟aa dabarsuu danda‟uudha. Jechoonni yartuun yookan muraasni bo‟oo walaloo keessatti
mul‟atan dhimmoota hedduu sakatta‟u. Walaloowwan hedduun buufata muraasaan fuula
walakkaa waraqaarratti dhihaatu. Haa ta‟u malee dhimmoota sardaa ta‟an kan jireenya nama
hedduu ibsan qabu. Waloon guuboofi galaana jechootaa keessaa yaada ibsuu barbaade tokko ija,
gurraafi arga yaadatiin dhaggeeffattoota yookan dubbistootasaa biraan gahuuf jechoota human
qaban karaa of-eeggannoon guutameen filachuu qaba. Jechootaafis kabaja qabaachuu qaba.
Jechoonni walaloo haalan filatamanii bakka barbaachisaatti galanii ergaafi yaada barbaadame
tokko uumuu danda‟uu qabu. Jechoonni baay‟atanii xibaaraa ooluuf yeroo hin qaban.Walaloofi
Hololoon walbira qabamanii yoo ilaalaman walaloon baay‟ee gabaabaadha.Jechoota buufataan
tarreeffaman keessatti wanti ibsame isa hin ibsamne agarsiisuuf, wanti dubbatame isa hin
dubbatamne himuu akka danda‟utti tarreeffamu. Isa ibsame keessaa iinni hin ibsamne
barbaadamee ifatti baha. Yaada yartuu dhiheessee isa hafe akka itti guuttataniif dubbistootaaf
dhiisa.
Fkn: Walaloo Weellisaa Abbitoo Kabbadaa armaan gadii ilaali!
Imimmaan kee gaafasii
-
2020
Fuula
19
Yommuu na gaggeessituu
Ijjikee silaa didee
Boo‟ichaaf dursee uumee
Utuu siif hin darbin darbuuf deemtaa
Haadhakoo akkam siif ta‟uu?
Buufata walaloo kanaa keessatti yaadni “Utuu siif hin darbin darbuuf deemta.” Jedhu
jechoota yartuu qaba. Haa ta‟u malee yaadota hedduu of keessatti haammata. Maal jechuu
barbaadeti? Namaaf darbuun maaliin? Qabeenyanii? Horiidhanii? Bashannaa?
Siyaasanii?...Hiiknee fixuun rakkisaadha.
Gosoota Walaloo
1. Walaloo Seenessaa (Narrative Poems): Walaloon seenessaa gosoota walaloo jiran
keessaa isa tokko ta‟ee qabiyyeensaa jalqabaa kaasee hanga dhumaatti seenaa kan
himuudha. Gosti baay‟walaloo kun bnaay‟ee dheeraa kan ta‟eefi seenaa ta‟e tokko
himuuf caacculee addaa addaa kanneen akka seenaa, jaargochaafi qooddattootaa
qabaachuu danda‟a. Seenaa kanas qooddattoota addaa addaatti dhimma bahuun seenessa.
Fakkeenya: “The Highwayman”by Alfred Noyes
2. Walaloo Liirikii (Lyrical Poems): Gosti walaloo kanaa gabaabaa kan buufata lama hin
caalleen qophaa‟uufi kallattii seenessuu ramaddii tokkooffaadhaan dhihaatuudha.
Walaloon kun ueroo baay‟ee yaada dhuunfaa, miiraafi haalota garaagaraa ibsuuf kan
qophaa‟udha malee seenaa kan seenessuu miti.
3. Walaloo Koonkoriitii (Concrete Poems): Gosti walaloo kunimmoo jechoota
qindeessuun suuraa waan seeneffamuu san fakkeessuun qophaa‟a. Kana jechuun
jechoonni walaloo sanaa akkaataa suura qabiyyee walalichaa mul‟isuu danda‟aniin
-
2020
Fuula
20
qindaa‟u. Fakkeenyaaf walaloon qabiyyeensaa kophee ta‟e, suuraa kophee
fakkeeffamuun jechootni tarreeffamu.
4. Walaloo Akroostikii (ACROSTIC POEMS): Gosti walaloo kanaammoo qubeewwaan
jalqaba bo‟oowwanii asii gadee yoo dubbifaman jecha kan uumaniidha. Jechi
qubeewwan jalqaba bo‟oowwaniira jiran uuman kunis qabiyyee walaloo sanaa ta‟a.
Fakkeenya:
After an extensive winter
Pretty tulips
Rise from the once
Icy ground bringing fresh signs of
-
2020
Fuula
21
Life.
-”April”by Anonymous
5. Walaloo Versii (FREE VERSE POEMS): Gosti walaloo kanaa amaloota walalootiin
kan hin beekamneedha.
6. BLANK VERSE POEMS: Walaloo taphoota addaa addaa fakkaata
7. Walaloo Cimdii (COUPLET): Gosa walaloo bo‟oo lamaan qindaa‟u ta‟ee,bo‟oowwan
lamaan walalichaa rukuttaafi safara miidhagaa kan qabaniidha.
8. Walaloo Hayikuu (HAIKU): Walaloo Jaappaanotaa jedhamuun kan beekamuufi
bo‟oowwan sadiin kan qindaa‟u ta‟ee, bo‟oowwan sadan walalichaa wal duraa duubaan
baay‟ina birsagootaa shan (5), torba (5)fi Shan (5)irraa ijaaramu.
9. Walaloo Kuwaatriinii (QUATRAIN): Walaloo gabaabaa bo‟oowwan afuriin ijaaramu
ta‟ee, bo‟oowwan tokkoffaafi sadaffaan, bo‟oo lammaffaafi arfaffaan kan wal fakkaatan
yookan rukuttaa waliin qabaniidha.
10. CINQUAIN: Walaloo bo‟oo shan qabuudha.
11. LIMERICK: Walaloo bo‟oowwan shaniin qindaa‟u ta‟ee, bo‟oowwan walaloo
tokkoffaan, lammaffaafi shanaffaan kan wal unatan, bo‟oo sadaffaafi arfaffaan kan wal
unataniidha.
12. Walaloo Sooneetii (SHAKESPEAREAN SONNET): Gosa walaloo bo‟oowwan kudha
afuriin barreeffamu ta‟ee, bo‟oowwan sadi sadiin wal unataniidha.
-
2020
Fuula
22
ABBALTII DHUUNFAA
i. Gaaffilee itti aanaan haalan dubbisuun tokkoon tokkoon isaaniis akkaataa
gaafatamteen deebii ifaa kenni.
1. Walqixxummaan akka amala walalootti maali?
___________________________________________________________________________
___________________________________________________________________________
___________________________________________________________________________
_______________________________________________________.
2. Walaloon tokko walqixxummaa qabachuuf dhiisuu akkamiin beekuu dandeenya?
___________________________________________________________________________
___________________________________________________________________________
___________________________________________________________________________
___________________________________________________________________________
_________________________________________________________.
3. Nameessuun maali? Fakkeenya kenni.
_____________________________________________________________________
_____________________________________________________________________
_____________________________________________________________________
_____________________________________________________________________
_________
4. Walaloo barreeffamaa tokko filachuun Caacculee walaloo sana keessa jiran xiinxaluun
qindeessuun barreeffamaan dhiheessi.
________________________________________________________________________
______________________________________________________________________
-
2020
Fuula
23
5. Gosoota Walaloo jiran keessaa Shan filachuun tokkoon tokkoon isaaniif walaloo
gabaabaa buufata tokko hin caalle barreessi.
___________________________________________________________________________
___________________________________________________________________________
___________________________________________________________________________
___________________________________________________________________________
______________________________________________________________________
ii. Walaloo armaan gaditti buufata buufataan siif dhihaate erga dubbistee
booda gaaffilee itti aananii dhufan deebisi.
A. Lakki lakki michuukoo
Achumatti si haa gahuu
Harka walfuunu malee
Nagaan nagaa hintahuu
Walitti hin fidnuu dhiisii
Dhukkuba yaaddoof rakkoo
Bubbeen kun yoo darbitee
Waldubbifna gaaf tokkoo
B. Achittuu nagaa nagaa
Lakki harka wal hin fuunuu
Kaayyoo bara ijoollummaa
Utuu hin argin hin duunuu
Nyaara natti hin guduunfiin
Akkan waansn si hoodee
Bara Koroonaan darbe
Wal haammanna ya koodee
-
2020
Fuula
24
C. Har‟a ona fakkaatus
Bor waan gaaritu dhufaa
“Kun ni maraattee?”jedhaa
Oduu keessan hurgufaa
Ani isaaf gurra hin qabuu
Fiigichakoo ittan fufaa
Booda hin laalu kakuudhaa
Kakuu lafeefi dhiigaa
Mul‟atnikoo fagoodhaa
Achi gahuufan fiigaa
(Lataa Qana‟ii Aagaa)
1. Marmaartuun maal akka ta‟e ibsuun buufatawwan walaloo dhihaate keessaa fakkeenya
kenni.
________________________________________________________________________
________________________________________________________________________
________________________________________________________________________
________________________________________________________________________
_________________________________________________________________.
2. Assoonansii maal akka ta‟e ibsuun buufatawwan walaloo dhihaate keessaa fakkeenya
kenni.
________________________________________________________________________
________________________________________________________________________
________________________________________________________________________
________________________________________________________________________
__________________________________________________________________.
-
2020
Fuula
25
3. Dubbiiwwan qolaa buufatawwan Walaloo keessaa fakkeenya dhiheessi?
________________________________________________________________________
________________________________________________________________________
________________________________________________________________________
________________________________________________________________________
_________________________________________________.
-
2020
Fuula
26
III. Wabiilee
Boswell, G.W. and J.R. Reaver (1962). Fundamentals of Folk-Literature. Oosterhout: Anthropological
Publication.
Carter, R. and M.N.Long (1991). Teaching Literature. Essex: Longman Ltd.
Croft, S. and H.Cross (1997). Literature, Criticism and Style. Oxford: Oxford University Press
Margaret Ferguson, Mary Jo Salter & Jon Stall worthy (Eds.).(1996) 4th ed. The Norton
Anthology of Poetry. New York, New York: W.W. Norton & Co.
Melakneh Mengistu (1999). Fundamentals of Literature for Colleges: Theory and Practice. Addis
Ababa: Commercial Printing Enterprise.
Zerihun Asfaw (1992 E.C). Yesine tsihuf Meseretawian. Addis Ababa: Commercial Printing
Enterprise.
Asffa Tafarraa(2004) Theorizing The Present. Finfinnee: Biraannaa PI.
_____________.(2006). Anaan‟yaa. Finfinnee:Baraannaa PI.
_____________.(1991). “Afoolaa fi Walaloo” Wiirtuu Jildii 4. Finfinnee: Gumii Qormaata
Afaan Oromootiin,Fuula 126-199.
Girmaa Maammoo. “Sirba Jaalalaa”. Wiirtuu Jildii 7. Finfinnee : Gumii Qormaata
Afaan Oromootiin , Fuula 152-168.
Maaramee Harqaa.(1993). Gundoo Booree . Finfinnee ; Mana Maxansaa Boolee.
top related