dhiheessa bishaani, qulqullina dhunfaa fi eegumsa naannoo ... · haala tajaajila kennuu diduu naafa...
TRANSCRIPT
1
Dhiheessa Bishaani, Qulqullina Dhunfaa fi Eegumsa Naannoo
(WASH) Hawaasa Baadiyyaa Itiyophiyaa Mara Giddu Galeessa
Goodhate
Dhiheessa Bishaani, Qulqullina Dhunfaa fi Eegumsa Naannoo
Saffisaan Hawaasaan Hogganamu (COWASH)
Bitoteessa, 2018
2
1. BAAFATA
1. Baafata .................................................................................................................................................................................................................. 2
1. Dhaabbilee dhiheessa bishaani, qulqullina dhunfaa fi eegumsa naannoo hunda hammachisaa fi miijata ta’ee ................................................ 3
2. Miidahama qaamaa /disability/ jeechuun maal jeechu dha? .............................................................................................................................. 4
3. Hirmaachisummaa, buusii fi hammachisummaa qaamolee hundaa karoora, hoggansa opireshinii fi suphaa dhiheessa bishaani, qulqullina
dhunfaa fi eegumsa naannoo (wash) kessatti ........................................................................................................................................................... 10
4. Furmaata haammachisummaa dhiheessa bishaani, qulqullina dhunfaa fi naannoo hawaasaa ........................................................................ 13
5. Haammachisummaa dhiheessa bishaani, qulqullina dhunfaa fi eegumsa naannoo manneen barnootaa ....................................................... 23
6. Haammachisummaa dhiheessa bishaani, qulqullina dhunfaa fi eegumsa naannoo dhaabbilee fayyaa ........................................................... 25
7. Gahee fi itti gaafatamummaa qooda fudhatoota ............................................................................................................................................... 27
8. Cheek listii hammachsummaa ............................................................................................................................................................................ 29
Fakkiiwwan barru kana keessatti argaman hundi artistii rakkoo dhageetti qaban taa’umsi isaani Finfinne kan ta’ee Obbo Tasfaaye Mankir tiin kan boocame dha.
Hubachiisa: jechoonni ‘’Disability fi Impairement’’ Hiikaa walfakkaatu Afaan oromotiin irratti waligalame waan hin jirreef, Jechuuma Ingiliffaa kana fayyadamuun ni goorfama.
Qajeelfamni kun yeroo jalqabaatiif Afaan Oromootti kan hiikame waan ta’eef, hiika akkasumas galuumsa jechootaa irratti yaada yoo qabaatan gammachuun kan fudhannu ta’aa.
3
1. DHAABBILEE DHIHEESSA BISHAANI, QULQULLINA DHUNFAA FI EEGUMSA NAANNOO HUNDA HAMMACHISAA FI MIIJATA TA’EE
Qajeelfamni kun taatile WASH sadarkaa gandaa fi hawaasaa irra jiraniif (koree WASH gandaa, koree hoggansa mana barumsaa, dhaabbilee
fayyaa fi hojjatoota eksitenshiii fayyaa, rayyaa misooma dubartootaa, koree WASHCO, koree maatii fi barsiisotaa fi koree hoggansa fayyaa,
dhaabbile hawaasaa, dhaabbilee amantii fi dura bu’oota isaanii akkasumas qaamolee qaama midhatoota irratti hojjatan) dhaabbileen
dhiheessi bishaani, qulqullina dhunfa fi eegumsa naannoo hojjataman fi karoorri fi hoggansi isaani hunda kan hammachise fi hundaaf
mijaa’aa ta’uu isaa mirkaneesuuf kan qophaa’e dha. Qajeelfamichi hubannoo waa’ee mirgaa fi feedhii namoonni qaama midhamtoota ta’aan
qaban umuuf akkasumas ragaa haala kamiin namoota kana haammachisuun dhiheessi WASH irraa fayyadamoo akka ta’aan hubachisuuf qophaa’e.
Xiyyefannoon qajeelfama kanaa qaama midhamtoota yommuu ta’u, qaamoleen kunis hawaasa hunda keessatti kan argamanii fi rakkoo
garaa garaa gama dhiheessa bishaani, qulqullina dhunfaa fi eegumsa naannoo tiif kan saaxilamani dha. Dhaabbilee bishaani, qulqullina
dhunfaa fi eegumsa naannoo babal’isuun dhaqqabamaa gochuun qaamolee hunda hawaasa keessatti argaman kan akka daa’imman,
dubartoota ulfaa, qaama midhamtoota, namoota dhukkubsatan, namoota umurii dhaan deeman fi namoota fagoo deemuuf rakkatan hunda
fayyadamaa taasiisa. Haawaasa hunda fayyadama dhiheessa bishaani, qulqullina dhunfaa fi eegumsa naannoo gochuuni fi hirmaannaa
isaani jajjabeesuun jireenya gaarii akka jiraatan kan isaan goodhuu fi mirga dhala namaa mirkaneesuuf gahee guddaa taphata.
Hundaf Miija’aa/Accessibility: Jechuun dhaabbilee tajaajila irraa argatan akka barbaadanitti galuu, dhihaachu fi irraa fayyadamu jechuu
dha. Hundaaf mijaa’inni haammachisumaa dhaaf baay’ee barbaachisaa dha. Dhaabbileen hundaaf mijaa’aa ta’aan, dhaabbilee adda ta’aani qaama midhamtoota qofaaf ijaaraman osoo hin ta’iin, dhaabbilee qaamni hundaa irraa fayyadamu danda’u jechuu dha.
Misooma Hammachisaa: Kaayyoon misooma hammachisaa qaamoleen hundi misooma WASH irratti haammatamani carraa
hirmaachu fi gumaachu akka qaban gochuu dha. Kanaafu haammachisummaan dhaabbilee qaama hawaasa hundaaf tajaajilu danda’u
hojjachu qofaa osoo hin ta’iin, qaamole kana karoora, hoggansaa fi suphaa dhaabbilee WASH irratti akka hirmaatan gochuun sagaleen
isaani akka dhaga’amu gochuu dha. Namoota qaama midhamtoota ta’aan fayyadama WASH akka ta’aan fi karoora, hoggansaa fi suphaa dhaabbilee kana irratti akka hirmaatan gochuun baay’ee barnaachisaa dha.
4
2. MIIDAHAMA QAAMAA /DISABILITY/ JEECHUUN MAAL JEECHU DHA?
Qaama miidhamummaa hiikuuf/ibsuuf fi hubachuuf hiika yaada ijoo lamaa impairment /miidhamaa fi qaama miidhamummaa/disability adda
baasani baruun barbaachisaa dha. Yeroo baay’ee jechoota kana lamaan waljala daddabarsuun kan fayyadamnu ta’us, addadummaa guddaa
kan qabani dha. Impairment / Miidhama jechuun rakkoo tajaajila kennuu diduu naafa ykn qaamaa sababa haala dhukkuba cimaan (fkf kan
akka dhibee sukkaaraa), hanqina nyaataa, dhukkuba (fkf pooliyoo ykn laamshessaa, ykn busaa), ykn miidhama (fkf balaa mana keessaa,
balaa konkolaataa, walitti bu’insa jeequmsaa, sigigaachoo lafa albuudaa) qaqqabu dha. Miidhamni dhaloota waliin ykn eerga dhalatani
booda qunnamu danda’aa.
Haala tajaajila kennuu diduu naafa ykn qaama namaa irratti hundaa’udhaan miidhamni gosa adda addaatti hiramuu danda’aa.
Miidhama qaamaa /Physical impairment: Jechuun rakkoo socho’uu fi demuu dadhabuu cimaa (fkf deemuu, sadarkaa ol yaabuu);
socho’u qaamaa (fkf hiixatanii qaqqabuu, gadi gugguufuu); fi harka fayyadamuu (fkn daa’imuu ykn foqoquu). Namoonni miidhama qaamaa
qaban meeshaalee ittiin deeggaraman kan akka ulee ittiin deeman, kiraanchii ykn teessoo abbaa gommaa fayyadamu.
5
Miidhama qaroo /Visual Impairment: Namoota qaroo
dhabeeyyii fi namoota sirriitti arguuf rakkatan/ilaalu xiqqaa qaban
dabalata. Akka fakkeenyaatti, rakkoo ilaalu xiqqaa jechuun nama
tokko ykn meeshaa tokko hanga fageenya ciqileetti bira gahuutti
adda baasuu dadhabu fi fageenyarraa fakkii nama ykn meeshaa
ta’uu isaani beeku fi maal akka ta’e adda baasuu dadhabu jechuu
dha.
Miidhama dhageettii /Hearing Impairment: Namoota
dhagahuu hin dandeenyee fi rakkoo dhageettii qaban dabalata
(gurraa tokkoonis ta’e lamaan). Haala qabatamaa keessa jiran
irratti hundaa’udhaan namoonni rakkoo akkasii qaban haala
dubbiitiin ykn qooqa mallattootiin waliigalu.
6
Miidhama dubbachuu /speech impairment: Namoota rakkoo dubbachuu ykn jechootaan dubbachuu rakkatan fi namoota biro hubachu
dadhabu dabalata.
Miidhama Qaroomu /Intellectual impairment/: Namoota waan haaraa ykn odeeffannoo walxaxaa ta’aan hubachuu, barachuu fi hojii
irra oolchuuf dandeettii murta’aa qaban dha. Dhimmi kun dandeettii gahumsa dubbachuu fi yaadachuu; gahumsa waliin jireenyaa; ykn hojii
dhuunfaa isaanii fi gahee hojii isaanii irratti dhiibbaa geesisa.
Miidhama Xiin-Sammuu: Rakkoo haamaa fi dhibee sammuu cimaa haala fayyummaa wajjin kan walqabatu, rakkoo amala rakkisaa, of-
eeggannoo ofiif gochuu dhabuu, barsiifata burjaaja’uu fi cinqamuu wajjin walqabatu dha. Rakkoon akkasii karaa biraa gahuumsa waliin
jireenyaa fi hirmaanaa isaanii irratti dhiibbaa fida.
7
Namoota qaama miidhamtoota /Persons with disabilities/ jechuun namoota warra miidhama qaamaa yeroo dheeraa irra ture qaban,
miidhama sammuu, miidhama qalbeeffachuu (intellectual) ykn miidhama miiraa qabatanii hudhaalee walitti dhufeenya ilaalchaa, naannoo
jireenyaa (environmental) ykn dhaabbilee wajjin qaban akka isaan guutummaa guutuutti fi karaa gahumsa qabuun hawaasa keessatti
bu’uura walqixee ta’een warra kaan wajjin akka hin hirmaanne isaan taasisu dha.
Akka ragaan dhaabbata fayyaa Addunyaa agarsisuutti, Itiyoophiyaa keessatti namoota 100 keessaa 18 miidhama qaamaa gosa adda addaa akka qaban agarsiisa. Miidhamni nama kamiyyu yeroo kamittu isa qunnamu danda’a. Namoonni qaama midhamtootoonni saala, umurii, haala haawaas-dinagdee fi saba osoo hin qoodiin qaama kamiyyuu qunnamu danda’aa. Dubartoonni rakkoo saala waliin walqabaturraa kan ka’e rakkoo miidhama qaamaatiin qaama baay’ee saaxilamaa ta’ee keessaa ni caqasamu. Haata’u malee, deeggarsi maatii fi hawaasaa, barnoonni, qabeenyi fi galiin huudhaalee isaan qunnaman
hir’isuudhaaf gahee guddaa qabatu.
Yommuu qaama midhamummaa safarru, xiyyeefannoon keenya ta’u kan qabu nama sana fulleedhaan qaama miidhamaa dha moo miti
jennee gaafachu irra, miidhama inni qabu fi wanta tokko gochuuf wanta isa dhowwuu danda’u /functional limitations/ irrratti xiyyeefachuun
barbaachisaa dha. Namoota kana fulleedhaan gaafachuun, qaani fi ilaalcha hawaasa bira jiruu irraa kan ka’ee ani qaama midhamaa dha
jechuu waan hin barbaanneef, qabxiin nuti argannu wanna dhugaa jiruu irraa gadi bu’aa ta’aa.
Rakkinaalee fayyummaa itti aanan kamiyyu dhaabbiidhan/yeroo dheeraaf namni qabu qaama midhamaa/Disability/ qaba jechuu ni dandeenya:
Rakkinaalee fayyummaa guddaa ija tokkoon ykn lamaan ilaalu (fullee ijaa keewwatte ille)
Fkn. Rakkinaalee nama walfakkaataa tokko hanga sii bira gahuutti ilaalu fi adda baasuu dadhabu YKN Meeshaa tokkoo ciqilee nama tokko irratti adda
baasuu fi ilaalu dadhabu
Rakkinaalee fayyummaa guddaa dhagahuu, deggarsa meeshaatiins tahu
Fkn. Rakkinaalee sagalee namni gama kuutaa keessaa sirnaan dubbatu dhagahuu dadhabuu ykn dhageettiin gurra tokko kan birra irraa caalmatti
dhagahuu dadhabuu
Rakkinaalee fayyummaa hedduu miilaan deemuu ykn sadarkaa olbaastuu miilaa balbalarraa bahuu
Fkn. Rakkinaalee mana keessatti sochoo’uu ykn mana keessaa gara alaa bahuu ykn fageenya deemuu dadhabuu (km 1 ykn isaa ol)
Rakkinaalee fayyummaa guddaa qaama ofii gutummaatti of danda’ee dhiqachuu ykn uffata of danda’ee ofiin uffachuu
Rakkinaalee fayyummaa guddaa yaadachuu dadhabuu irraa kan kahe hojii guyya guyyaa irratti dhiibbaa guddaa fiduu
Fkn: yaadachuu dadhabuu irraa kan kahe hojii guyya guyyaa raawwachuu dadhabuu, iddoo beekan deemuu dadhabuu ykn maqaa nama beekanii
yaadachuu dadhabuu irratti dhiibbaa guddaa
Rakkinaalee fayyummaa guddaa hubachuu fi dubbachuu (afaaniin dubbachuu fi afaan mallattoo) namoota biro wajjin qabaachu
Fkn:waan namoonni biro dubbatan hubachuu dadhabuu ykn waan atti dubbattu namooni biroo hubachuu dadhabuu
Meeshaalee gargaarsaa midhamtoota qaamaan gargaaramu
Fkn: kiraanchii, barcuma-golollee (wheelchair), qaama nam-tolchee(artefishaalii), gargaarsa nama biraatiin socho’u/hojjechuu
8
Hudhaalee adda addaa qaama midhamtoota/ persons with disabilities/ sagantaalee dhiheessa bishaani, qulqullina dhunfaa fi eegumsa
naannoo (WASH) irratti akka hin hirmaanne taasiisan ni jiru. Rakkooleen baay’een isaani dhimmoota kan akka rakkoo ilaalcha hawaasaa, rakkoo naannoo keessa jiraatan fi rakkoo teeknikaa wajjiin wal qabatu.
Namni midhama qabu tokko hudhaaleen yommu isa qunnamu, hirmaannaa taasisuf akkasumas buusiwwan adda addaa gochuuf waan
rakkatuuf qaama midhamaa/disability/ ta’aa. Hudhaaleen isaan qunnaman kun yommuu maqfaman akka namoota biroo waliin haala qixa
ta’een hirmaachu fi buusii adda addaa gochu ni danda’u.
Hudhaaleen ilaalchaa: Jibbiinsa sababa malee fi nama qooduu rakkoo guddaa namoota qaama miidhamtoota ta’aan irra gahu dha.
Itoophiyaa keessatti qaama miidhamummaan akka qaaniitti, soda fi ykn akka safuu cabsuutti waan ilaalamuuf salphaatti gara qophaatti
baasuu ykn dhoksuutti geessa. Qaama miidhamummaan akka salphinaatis ni ilaalama. Qaaddii gahu qaama miidhamtoota irraa hambisuuf
maatiin mana keessa dhoksuun ni jira. Namoonni qaama midhamaa ta’an bishaanii fi biyyoo maatiin ykn hawwasni naannoo itti fayyadaman
faaluu danda’u jechuutiin akka isaan itti hin fayyadamne yeroon dhorkatamanis ni jira. Hudhaan ilaalchaa fi waliin jireenyaa akkasii kan jiru
hawaasa naannoo keessatti qofaa otuu hin taane ilaalcha dhaabbilee WASH keessatti qooda fudhatan sadarkaa hundaa irra jiran keessattis mul’atu dha.
9
Hudhalee uumamaa: kanneen akka lafa bu’aa bayii, daandii
walcaalaa fi irranolee dhoqqee ta’ee fi /ykn lafa mucucaatu
dabalata. Bakka hedduutti immoo lafa gutummaa guututti daandii
hin qabne dha. Bakka baay’eetti lafa fagoo walgahii fi madda bishaanii akkasumas faasilitii qulqullinaa hin qabne dha.
Hudhaalee teeknikaa: Sadarkaa ol-dheeraa fi konkiriitii
olka’aa, daandii seensa dhiphaa, dhabiinsa ykn cufaa garmalee
ulfaataa, kutaalee dhidhiphaa, dhabiinsa ifaa /ibsaa fi qabannaa
sadarkaa itti olbahan kan hammatu dha.
Daa’imman hedduun qaama miidhamaa ta’aan sababa dhabiinsa
fi dhaqqabamummaa bishaanii fi faasiliitii qulqullinaa irraa kan
ka’e manneen barnootaa irraa hafaniiru. Fakkeenyaaf, rakkoon
ykn dhabiinsa faasiliitii qulqullinaa akka walii galaatti rakkoo
mana fincaanii, mijataa ta’uu dhabuu daandii gara mana
fincaanii, dhabiinsa gargaarsa deeggarsaa fi hanqina bakkaa ykn lafaa ti.
10
3. HIRMAACHISUMMAA, BUUSII FI HAMMACHISUMMAA QAAMOLEE HUNDAA KAROORA, HOGGANSA OPIRESHINII FI SUPHAA
DHIHEESSA BISHAANI, QULQULLINA DHUNFAA FI EEGUMSA NAANNOO (WASH) KESSATTI
Namoonni qaama midhamtoota (Persons with disabilities) ta’aan qaamolee hawaasaa kan biroo waliin mirga walqixa ta’ee kan qabanii fi
faayidaalee misooma kan akka dhiheessa bishaani fi qulqullinaa, manneen barnootaa, dhaabbilee fayyaa fi kkf irraa fayyadamoo ta’uu qabu.
Qaamoleen kun akka miseensa gutuu fi qaamolee biro waliin mirga qixa ta’e fi faayidaa barbaachisaa ta’e maatidhaafis ta’e hawaasaaf
kennuu akka danda’aan fudhatamu qaba. Kana gochuunis heera biyyi keenya baaste keessati akkasumas waligalteewwan akka addunyaatti
mallataa’an mirga isaaniif kenne hojiirra oolchu dha. Qaamoleen kun akka qaamolee arjooma addaa barbaadanitti, eegumsi addaa isaani godhamutti fi sababa adda addaatiin saaxilamaa taaisuun barbaachisaa miti.
11
Namoonni qaama midhamtoota (Persons with disabilities) ta’aan hojiiwwan beeksiisaa, karoora, hoggansa fi hojiiwwan
opireshinii fi suphaa dhiheessa bishaani, qulqullina dhunfaa fi naannoo (WASH) keessatti hammachisuu fi hirmaachisuun baay’ee barbaachisaa dha.
Koree WASHCO fi koree Qulqullina dhunfaa fi naannoo waligalaa hawasaan hogganamu (CLTSH) keessatti yoo xiqqaate namni tokko qaama midhamaa gosa kamiyyu qabaatu ta’u qaba.
Namoonni qaama midhamoo ta’aan akka qaamole hawaasaa kan biroo busiiwwan adda addaa irratti hirmaachuuf dandeetti ni qabu.
Hirmaannaan kunis qarshiidhaan, hojiiwwan ijaarsaa keessatti hirmaachuun, ragaawwan adda addaa qabuun, eegumsa gochuun, nyaata fi
bakka cisichaa konitiraaktarootaaf dhiheessuun fi kkf ta’uu ni danda’a.
Qaama midhatoonni hojii hoggansa WASH keessatti barreessaa, kununsitoota buufata bishaani, hojjataa eegumsaa, qarshii qabaa, miseensa
koree WASHCO fi taarifa sassaabaa ta’uun hirmaachu danda’u. Sassaabii taarifaa irratti akkaataan itti sassaabamu qabu haala qabeenyaa
fi jiruuf jireenyaa abbaa warraa irratti kan hundaa’u ta’uu yommu qabu, qaama midhatoota qophaatti adda baasani kanfalchisu dhisuun barbaachisaa miti.
Gareen mirkaneessa udaan irraa bilisaa (ODF verification team) qaamolee kana hammachu kan qabu yommuu ta’u, kunis fayyadamoo fi
hirmaachaa jiraachu isaani saani mirkaneefachuuf faayidaa guddaa qaba. Gareen kunis qaamoleen hawaasaa qaama midhamtoota ta’aan dabalataan fayyadamoo qulqullina dhunfaa fi naannoo ta’uu isaani mirkaneefachuu qabu.
12
Intaripiraayizoota Maayikiroo fi Xixiqqoo (MSEs): Dhiheessa bishaani, qulqullina dhunfaa fi eegumsa naannoo foyyesuuf sadarkaa
aanaatti ni dhaabbatu. Intaripiraayizooni kunis hojiiwwan adda addaa kan akka gabaa saaniteshinii, dhiheessa meeshaale jijjiraa,
fi/ykn Hojiiwwan opireshinii fi suphaa dhaabbilee WASH irratti hojjatu.
Carraa diinagdee ummame qoodachuu fi akkasumas hojjachu akka danda’aan mirkaneesuuf namoonni qaama midhamaa ta’aan miseensa
IMX hundaa’u ta’uu qabu. Qaama midhamtoonni yeroo baay’ee dinagdeedhaan qaamolee fayyadamoo hin taanee keessaa caqasamoo dha. Dabalataanis, carrraa hojii qaamolee kanaaf umuun akka qaama hawaasaa gutuutti akka ilaalamanii fi modeela gaariitti fudhachuuf fayyada.
IMXn tokko yoo xiqqaate miseensa tokko (dubartii yoo taate ni filatama) qaama midhamaa ta’uu kan qabu fi namoonni kunis miseensoota kan biro waliin karoora biizinasii, oomishaa fi gurgurtaa irratti qixa hirmaachu qabu.
Abbootiin warraa fi dhaabbilee adda addaa keessatti uwwisaa fi itti fayyadama mana fincaani dabaluuf, IMXn gabaa saaniteeshinii irratti
hundaa’an meeshaalee kan akka taa’umsa mana fincaani fi qabduu harkaa beeksiisuun, omishuun akkasumas dhaabun hirmaachuun
barbaachisaa dha. IMXn kunis gahee gandoota fi aanaa, manneen barnootaa, dhaabbilee fayyaa fi manneen fincaani ummataa fi abbaa warraa babal’isuun kaayyoo qaamolee kana udaan irraa bilisa gochuu fi irratti gahee guddaa taphachu danda’u.
13
4. FURMAATA HAAMMACHISUMMAA DHIHEESSA BISHAANI, QULQULLINA DHUNFAA FI NAANNOO HAWAASAA
Tilaamni teeknikaa (Technical specification) dokumantii kana keessatti hin kennamne. Haata’u malee wanti xiyyefannoon itti
kennamu qabu, bal’inni buufataale WASH haala feedhii fayyadamtootaan kan murtaa’u yommuu ta’uu, qaamoleen hundi,
qaama midhamtoota dabalate, buufataalee kana deggarsa malee ykn deggarsa xiqqaan akkka fayyadaman gochuu dha.
Qaqqabinsa Dhaabbilee: Qaamoleen maatii fi hawaasaa hundi haala salphaa ta’een dhaabbilee WASH qaqqabu qabu. Manneen fincaani
fi dhaabbileen buufataalee bishaani hanga danda’aameetti hawaasatti dhihaachu qabu. Dhaabbileen qulqullinaa mana abbaa warraa irraa meetira 15 ol fagaachu hin qabani.
Karaa/Daandii Geessuu: karaan gara mana fincaani geessu diriiraa fi afaataan lafaasaa, keessatti yeroo roobaa, kan dhoqqaa’ee fi
mucuceessuu ta’uu hin qabu. Daandi mijaa’aa ta’ee tokkoo yoo xiqqaate cm 90 bal’achu qaba. Qarqarri daandiiwwanii lameen dhagaan
kaa’aamee halluu adii dibamuu akkasumas namoota qaroo dhabeeyyiif funyoo akka agarsiistutti fayyadu danda’u hidhuun gaarii taha.
Haalluun adiin namoota qaroo dhabeeyyi qaban haala salphaadhaan karaa adda akka baafatan kan gargaaru yommuu ta’uu, halluuwwan
kan biroon amala calaqisu waan qabaniif isaaniif rakkiisaa ta’aa.
14
Ol baastu: Ol baastuu balbalrraa ijaaruun barbaachisaa yoo tahee, lafa ol ka’aa fi iddoo dhiphootti, ol baastuuwwan balbalrraa gaggaboo
fi afata bal’aa qabu godhamuu qaba, ol baastuuwwan hundi illee dheerinaa fi gadi fegeenya walfakkaatu qabanis, gad fegeenyi olbaastu 30 cm fi dheerinni isaa 16 cm caalu hin qabu.
Qabannaawwan haarkaa (Handrails) Sadarkaawwan milaan ol baastuuwwan irratti ijaaramu dheerina cm 70-90 qabu madaalii eeguuf gargaara.
15
Daandii Ol-baastuu barcuma-gololle (weelchair, Ramps): Ol-baastuuwwan barcuma-gololle namoota barcuma-gololle tiin
fayyadaman qofaaf osoo hin taane, kanneen kiraanchiitti gargaaramanii akkasumas rakkina salphaatti socha’uu qabanii fi qaroo dhabeeyyii
tahaaniif guddaa gargaara. Ol-baastuuwwan wiilcheerii irraa gadee (slope) % 8 caaluu hin qabu. Kana jechuun dheerina meetirii 1 keessatti,
ol ka’iinsi qabu cm 10 jechuu dha. Mana qulqullinaa ykn iddoon (battala) bishaan dhangala’u fuladura lafti qixa diriire ykn lafti irraa qabatamu
yoo baay’ate dheerina cm 100 – cm 120 qabaachuu qaba. Ol-baastuuwwan barcuma-gololle (wiilcheerii) yeroo hunda, jidhinni jiraatus,
gogaa tahaanii eegamu qabu.
Ol baastun kunis meeshaa naannoo irraa argaman Kan akka muka, bamboo, dhagaa fi Maansaa irraa hojjachuun yommuu danda’am kan sochoo’u fi kan hin sochoones hojjachuun ni danda’ama.
16
Seensaa fi balbalawwan: Balballii mana qulqullinaa hundaaf banamuu kan danda’u fi namni keessa jiru nama alatti argamuun ilaalamu
kan hin dandeenye fi iccitii dhunfaa eegu ta’uu qaba .
Balballii fi iddoon ittiin seenan bal’aa (yoo xiqqaate bal’ina balbalaa sm 90) fi dirirrii lafaa (keessaa fi allii walqixa diriiraa ykn garaa
garuumma baayyee xiqqaa). Balballiichi gutummatti karaa alaatti kan banamuu fi bantuun alaa fi keessaa qaboo xiqqaa baratameerra
haarkaan qabamaa guddaa tahee hojjetamuu qaba. Kunis namoota wiilcheerii fi kiraanchiin gargaaraman ykn namoota dadhaboo tahaaniif
salphaatti banuu fi cufuu dandeessisa. Balballii akkasii maateriyaalii naannoorra argaman, hucuuwwan, muka ykn sibiilarraa hojjetamuu
danda’an.
DIRIIRA LAFAA: diriirri lafaa keessoo manaa qulqulluu fi wal qixaa’aa tahee (kan hin mucuccesine) fi karaa salphaatiin kan qulqullaa’uu
danda’u, keessattuu midhamtoota qaamaa foqoqaa deemaan fi meeshaa deeggarsaa ittiin socho’an hin qabneef tahee hojjetamu qaba.
Fayyadamaan hundi eerga fayyadame booda namoonni biroos akka itti fayyadamu danda’aan qulqullina isaa eeguun barbaachisaa dha.
IFA Keessaa: Ifa gaariin jiraachuu namoota qaroon isaanii dadhabaa ta’eef guddaa gargaara. Solaari ykn wannii ifa fiduu danda’u ijaaramu qaba.
17
KEESSOO MANA QULQULLINAA: Qaboo harkaa cimaa tahe bukkee/cinaa qaawwa mana fincaanii ykn gidgiddaa irratti lafaa dheerinni
isaa cm 70 – cm 90 ol ka’ee hojjetamu (sibiila,muka ykn shambaqqoorraa) namoota gargaaruuf ykn akka madaala isaani eegan gochuun haala salphaan gara qaawwa bollaa akka gahan gargaara.
QABDUWWAN BALBALAA FI MALOOTA CUFINSAA: wayita qulqullinaa iccitiin nama dhuunfaa (qaamni namaa akka alaa hin mul’anne)
fi nagummaan isaani, keessattuu kanneen haadholee fi durbootaa, eegamuusaa mirkaneessuun barbaachisaa dha. Filannoowwan gatii gadii
aanaa bantuu qabduu balbala mukarra hojetamu, kan gatii giddu gala sibiilarraa ykn sibiilaa fi mukkaarraa hojjetaman ykn okkoo (hooks)
ni dabalata. Ol ka’insi mijaahaa qabduu balbalaa cm 90 – cm 120 lafarra dheerateedha.
HANGA KUTAA: Yoo barbaachise barucmni-goloolle cm 120 - cm 150 guutuu gingoo mana qulqullinaa keessa naanna’uu danda’u isaa,
keessoon ykn fulleen mana qulqullinaa bal’ina gahaa qabaachuu gochuun barbaachisaa dha. Maatii keessaa namoonni barcuma goloolle
(welchair) gargaaramu yoo jiraachuu baate, keessoon mana fincaanii fuula duratti akka fayyaduuf hanga kan bal’achuu akka qabu beekuuf
akka itti aanuutti adda baasuu ni danda’ama. Mana fincaanii keessattii qulqullaa’uu seenan yeroo quphanaa’aan (qaawwa bollaa gubbaa
qulqullaa’uuf yommuu gadii tahaan) iddoo sochiif isaan gahu gaafachuun odeeffannoo fudhachuun iddoo sana irrattii mallattoof dhagaa ykn
muka kaa’uun adda baasuun ni danda’ama. Namoonni kiraanchiin deggaramuun socho’an ykn gargaarsa namaatiin socho’aniif mana
finacaanii keessatti iddoon dabalataa barbaachiisu mala.
18
TEESSOO MANA FINCAANII: Namoota quphanaa’uu (gadi taa’uu) rakkina qabaniif, keessattu dubartoota ulfaa fi manguddootaaf,
mijaawaa tahuu qaba. Quphanaa’uu kan barbaadan yoo jiraatan, teessoon mana qulqullinaa dhaabataa ykn kan socho’u tahuu danda’a.
Maatii baadiyyaattiif teessoon socho’u meeshaawwan naannoo (kan akka sibiila, muka ykn shambaqqoorraa) irraa hojjetamu mijaawaa,
gatii rakasaa akkasumas filannoof salphaa dha. Bishaanii fi dhangala’oon adda addaa akka namatti hin facaane iddoo teessoo fula duraa kan ittisu qaboo pilaastikii moofaarraa hojjetamu ykn biyyeen googsuun ni danda’ama.
Teessoo vaarnishii ykn halluu diibuun daran qulqulluu gochuu ni danda’ama. Teessoo pilaastikirraa qopheessuuf gidduu irratti qaawaa
gingoon muruun ni danda’ama. Tessoon gubbaa qaawwaa mana fincaanii irra ykn baaldii jala ka’uun fayyadamu ni danda’ama. Inni kun
iccitummaa dhuunfaa eeguu irratti rakkina qabaatus, namoota socho’uuf rakkoo qaban ni gargaara.
19
DHIQANNAA HARKAA: Tajaajilli dhiqannaa harkaa ykn bishaan ujuummoo (bonbaa) itti kennamu lafarraa ol ka’umsa cm 50 – cm 90 tti
irratti (fedhii fayyadamtoota maatii giddu galeessa godhachuun) saamuunnaa wajjin mooraa keessatti ykn mana qulqullinaa cinaatti
qophaa’uu qaba. Jeeriikaanii ykn qaboo pilaastikii irraa gatii salphaan qophaa’u namoota humna dadhaboo tahaaniif ykn harka tokkoon qofa
gargaaramaniif faayidaa qaba. Naannoon lafa harka itti dhiqatani dhooqqee akka hin taane gochuu fi diriiraa taasisuuf dhagaan ykn biyyeen maansaa bishaan qabachu danda’uu haafamu qaba.
20
Shaawarii/ naannoo qaama dhiqannaa: Namoonni wayita
qaama dhiiqatan alaa gara keessatti waan tokkoollee mul’achuu
hin qabu. Iddoon qulqullinaa hundaaf tajaajila kennuuf banaa
tahuu qaba. Namoonni yeroo dheeraaf dhaabbatanii (ijaajjanii)
dhiqachuu hin dandeenyeef (kanneen madaalii isaanii eeganii
dhaabbachuu hin dandeenye, socho’uuf rakkina qaban ykn ulfa
yeroon dahuumsaa gaheef) meeshaa irra tahaanii dhiqatan
meeshaale naannoo (muka, dhakaa) irraa hojjechuun ni
danda’ama. Qabduun bishaanii iddoo mijaawaa tahe gubbaa irratti
kaa’amu danda’a. Gatiin isaa gadii aanaa ta’uus bishaan itti guutuuf gargaarsa nama biraa barbaada.
Dhiheessa Bishaani sadarkaa Maatii: Qabduu bishaanii ykn
baaldii qadaaddii cimaa qabuu fi ujummoo bishaaniin dhiyootti
akka tajaajilu godhamu namoonni humnaan dadhaboo ta’aan,
madaala isaanii eeganii kan hin dhaabbanne, harka tokkootti qofa
kan fayyadaman bishaan barbaadan haala salphaa fi gargaarsa malee akka argachuu danda’aan taasisuun barbaachisaa dha.
Qulqullina: Dhaabbileen dhiheessa bishaani, qulqullina dhunfaa fi
eegumsa naannoo hanga danda’aameetti qulqullunina isaani kan
eegame ta’uu qabu. Kunis namoonni rakkoo qaamaa fi qaroo ilaalu
qaban qaamolee biro irra lafa xuquu waan danda’aaniif qulqullina isaa eeguun qaamoole kana irra caala fayyada.
21
Bishaan bollaa abbaa paampii harkaa fi bakka qabduun bishaani irra taa’u qabu fi kaasuuf mijaa’aa tahe: Iddoo qabduun
bisshaanii irra taa’u/qubatu (tilmaamaan cm 70) bakka tajaajila bishaaniitti jeerikaanii ol kaasanii baachuuf mijaa’aa tahee ijaaramu qaba.
Kunis namoota humna laafaa qaban, kanneen madaalii qabduu bishaanii eeguu ykn qabuuf rakkataniif gargaara. Gatii ijaarsa isaas gadii
aanaa dha.
Bakka tajaajila bishaanii eeguuf, ujuummoo keessa dhangala’uu olka’insa gara garaatiin ijaaramu qaba, yoo namoonni tokko tokkoo kanneen istaandaardii 70 cm gahuu dadhabaniif 50 cm irratti ijaaruu ni danda’ama.
22
Madda burqa gabbisu irratti, namoonni dheerina 70 cm irratti bishaan waraabachu hin dandeenye fi dheerina adda addaa irratti bombaan
ijaaramu qaba. Fakkeenyaaf dheerina boombaan tokko gabaabate dheerina cm 50 irratti jallate ijaaramu danda’a.
Namoonni barcuma golollee ykn kiraanchii fayyadaman meeshaalee itti fayyadamaniin bishaanis geejibu danda’u. Miila barcuma golollee
jalatti qabachuun ni danda’ama haata’u malee bishaan hanga gutu ta’uutti gochuun miidhaa qaba.
Namoonni dhimma haala rakko mijaa’ina karaa, kan akka rakkoo taa’umsa lafaa irraa kan ka’ee namoonni buufata bishaani gahuu dadhaban
yoo jiraatan, furmaanni bishaan gara isaanitti fiduun danda’amu qoratamu qaba. Furmaanni teeknikaa bishaan gara mana isaanitti fiduu
dandeenyu keessaa ujummoo maddaa irraa gara mana maatitti diriirsu, bishaan roobaa kusuun, boolla maatii qootuu, Siistama Yaalii
bishaani kan akka keemikaala naquu fi kkf ta’uu danda’u.
23
5. HAAMMACHISUMMAA DHIHEESSA BISHAANI, QULQULLINA DHUNFAA FI EEGUMSA NAANNOO MANNEEN BARNOOTAA
Dhaabbileen dhiheessa bishaani, qulqullina dhunfaa fi eegumsa naannoo manneen barnootaa keessatti argaman daa’imman fi barattoota
hundaaf mijataa ta’uu qabu. Kunis feedhii murteessaa hawaasaa waan ta’eef dhukkuboota adda addaa ittisuu fi beekumsa argamu
foyyeesuuf faayidaa guddaa qaba. Dhaabbileen hundaaf mijataa ta’ee yoo jiraachu baate, ijollee fi dubartoonni midhama qaamaa qaban
fayyadamu waan hin dandeenyeef guyyaa guutuu nyaata ykn dhugaati irraa quusatu. Kunis qaamolee kana irratti dhibbaa fayyaa fiduun
ijolleen kun barumsa akka addaan kuutan gochuu danda’aa. Kanaaf mannen barnoota qaamolee haawaasa birootiif WASH irratti modeela ta’uu qabu.
Yoo baay’ate meetira 30 Yoo baay’ate meetira 100
KARAA MIJATAA KARAA MIJATAA
Buufata Bishaani: Dallaa mana barumsaa keessa ykn dallaa mana
barumsaa irraa meetira 100 kan hin caallee fi karaan deemsiisu sorooraa
fi qulqulluu ta’uu qaba. Buufanni bishaanichaa qaamolee hundaaf
miijataa ta’uu qaba. Boombaan sadarkaa dheerina adda addaa irratti (50
fi 70 cm), kutaa mana barumsaatti dhihoo kan ta’ee, fi naannoon
dhiheenya boombaa jiru diriiraa fi akka hin dhoqqone gochuun barbaachisaa dha.
Manni fincaani mana fincaani dallaa mana fincaani kessaafi kutaawwan
barnootaa irraa meetira 30 kan hin caalle ta’uu qabu yommuu ta’uu,
karaan geesuus diriiraa namoota qaama midhamtootaaf mijataa ta’uu
qaba. Manneen barnoota tokkoon tokko keessatti, kutaa adda ta’e
dhirootaaf, dubartootaaf, barsisoota dhiiraa fi dubartiif jiraachuu kan
qabu yommuu ta’uu qabu, kutaaleen kunis balbala bal’aa (cm 90),
keessoo isaatti bakka bal’aa ta’ee (1.5 m x 2 m) namoota
barcuma golollee (wheelchair) fayyadamaniif mijata akka ta’uu
fi haala barbaadaniin akka socho’aniif, meeshaalee gargaartoo
kan akka qabduu harkaa fi taa’umsa mana fincaani olka’aa ta’ee
qabaachu qabu. Balballi mana fincaaniis gara alaatti banamu
qaba. Manneen fincaani kunneen yeroo hunda qulqullu, fooli irraa biliisa, fi yeroo hunda sa’aati barumsaa banaa ta’uu qabu.
MANA
BARUMSAA
D
u
b
a
r
ti
i
D
h
i
i
r
a
Buufata
Bishaani
24
Buufataaleen harka dhiqannaa barattootaa fi barsiisoota hundaaf mija’aa ta’uu kan qaban yommuu ta’uu, dhiheenya mana fincaanitti, naannoo sun dhoqqeee kan hin qabnee fi diriiraa ta’uu qaba. qabu.
Haaluma walfakkaatuun buufataaleen hoggansa qulqullina laguu (Menstrual Hygiene Management (MHM) facilities) manneen barnootaa
keessatti argaman qaama midhamtoota dabalate qaamoota hundaaf miijaa’aa gochuun, Karaan deemsaa, galumsaa fi bal’inni kutaalees
haaluma wal fakkaatuun mijeesuun barbaachisaa dha.
Kilabiin WASH manneen barnootaa keessatti hundeefaman qaama midhamtoota miseensa gochuun, barbaachisummaa fi
haammachisummaa beeksiisu fi mar’iachuu qabu.
Karoorrii fi hoggansi dhaabbilee WASH manneen barnootaa hirmaannaa qaamolee hundaa kan akka barattoota midhama qaamaa qaban
fi maatii isaani dabalate kan gaafatu yommuu ta’u, hordoffiin ijaarsaa dizaayinii hunda giddu galeessa kan goodhate akka ta’ee
mirkaneefachuu fi hordoffii gochuun barbaachisaa dha.
25
6. HAAMMACHISUMMAA DHIHEESSA BISHAANI, QULQULLINA DHUNFAA FI EEGUMSA NAANNOO DHAABBILEE FAYYAA
Dhaabbileen dhiheessa bishaani, qulqullina dhunfaa fi eegumsa naannoo dhaabbilee fayyaa (WASH facilities) kessatti argaman namoota
miidhama qaaamaa qaban, dubartoota ulfaa, dubartoota daa’ima dhihootti kennan, Jaarsolii/jaartolii fi namoota qaamni isaani dhukkubaan
dadhabefi miijaa’aa ta’uu qaba. Kuniis faayidaan inni kennuus feedhii jalqabaa qaama hundaa waan ta’eef, dhukkubawwan waan ittisuuf,
akkasumas dhaabbileen fayyaa hawaasa naannoo sanatti argamuuf modeela ta’uun agarsiisu waan qabaniii. Dhimmoonni haamachisummaa
armaan olii sadarkaa maatii fi manneen barnootaa keessatti argamu dhaabbilee fayyaa keessattiis haala wal fakkaatuun hojiirra oolchu
barbaachisa.
Karaan deemsa gara mana fincaani geessu diriiraa fi gufuu adda addaa irraa bilisa gochuun barbaachisaa dha.
Manneen fincaani dhaabbilee fayyaa kessatti ijaaraman dhukkubsatoonni akkasumas qaama midhatoonni dheerina dheeraa akka hin deemnef bilookii buufata fayyaa/kellaa fayyaa irraa baay’ee fagaachu hin qaban (garuu meetira 6 ol ta’uu qaba).
Kutaalee manneen qulqullinaa dhiiraa fi dubartootaa keessaa inni tokko ijaarsa ol baastuu kan agarsiisu fi balballi isaa bal’aa kan tahee
(bal’ina 130 cm, slopii 6%) hin caalle teessoon ol ka’aa qaboo sibiilaa harkaa faayidaarra ooluuf ijaaramuu qaba.
Iddoon tajaajila bishaanii, meeshaa hucuun keessatti miccamu fi kutaaleen dhiqannaa qaamaa, kanneen barcuma-golollee
fayyadaman dabalatee, hundaaf dhaqqabamaan mirkanaa’uu qaba. Ol baastuu barcuma-golollee, balbalaa bal’aa fi iddoon
bishaan dhangalaasu ol ka’insa gara garaatti qophaa’uu qaba.
27
7. GAHEE FI ITTI GAAFATAMUMMAA QOODA FUDHATOOTA
Garee WASH Gandaa (manaajera gandaa, hojjatoota eksitenshinii fayyaa , hojjataa misoomaa , teeknishaana bishaanii,
jaarsolii, barsisoota, Dargaggoo, Feedha Oltoota, bakka bu’oota dhimma dubartii fi daa’immani, dhaabbile qaama
midhamtootaa)
o Adeemsa Dhiheessa bishaani, qulqullina dhunfaa fi eegumsa naannoo beeksiisu keessatti qaama midhamtoonni hammatamu isaani
fi qaama hundaa gahuu isaa mirkaneessu;
o Qaamolee hawaasaa/gamtaa maatii fayyaa fi koreen gamtaa barattootaa qaama midhamummaan/disability/ maal akka ta’e
hubannoo gahaa ta’ee akka argatan gochu;
o Qaamoleen hawaasaa/gamtaan maatii barattootaa hubannoo
Qaama midhamtoonnii/maatiin isaani filannoo koree WASHCO keessatti akka galan fi dursi akka kennamufi qabu
Qaama Midhamtoonni/persons with disabilities/ filannoo kununsitoota bishaani fi waardiyyaa keessatti akka hirmaachu qaban;
o Dhaabbilee dhiheessa bishaani, qulqullina dhunfaa fi naannoo qaamolee hawaasaa hunda akka tajaajilu fi fayyadamu danda’uuf,
odeefannoowwan furmaata teeknikaa maatii dhaaf laachu;
o Yeroo dhaabbileen bishaani, qulqullina dhunfaa fi naannoo (WASH facilities) ijaaraman akkasumas haroomfaman, furmaanni
teeknikaa kaa’ame feedhii fi faayidaa qaamolee qaama midhamtootaa giddu galeessa kan goodhate ta’uu isaa mirkaneessu;
o Hirmaannaa miidhamtoota qaamaa ilaalchise hawaasaaf goorsa laachu akkasumas hordoffii barbaachisaa ta’ee goochu;
o Namoonni miidhama qaamaa qaban leenjiiwwanii fi walga’iiwwan irratti akka hirmaatan haalaa ni mijeessu ni hoordofu.
Bulchiinsa Mana Barumsaa fi barsiisota barnoota fedhii addaa (yoo jira ta’e)
o Miiltoon mana barumsaa, barattoonni fi miseensi hawaasaa qaama miidhamummaa akka hubatan cimsuu;
o Ragaa qaama midhamtoota Ijoollee mana barumsaatti baratan akkasumas naanno mana barumsaatti argamani ni sassaaba;
o Ijoollee miidhama qaamaa qaban leenjiiwwan kilabii mana barumsaan kennamu keessatti akka hirmaatan hordofuu fi haala
mijeessuu;
o Faasiliitiin WASH manneen barumsaa keessatti ijaaraman dizaayinii hammachiisummaa eeganii hojjetamuu isaanii mirkaneessuu;
o Faasilitiiwwan mana barumsaa keessa jiran qulqullinni isaanii eegamuu fi nama hundaaf tajaajila kan kennan ta’uu isaa
mirkaneessuu;
o Faasiliitiin mana barumsaa keessa jiran dubartoota miidhama qaama qabaniif kutaa qulqullinaa rakkoo ji’aa itti dhufu itti furachuu
danda’an jiraachuu isaa mirkaneessuu.
Buufataale fayyaa, kellaawwan fayyaa, koree hooggansa fayyaa fi hojjettoota eksiteenshinii fayyaa
o Miseensota raayyaa misooma dubartootaa hammatamummaa qaama miidhamtootaa WASH keessatti jiru cimsuu;
o Maatii miseensota qaama miidhamtootaaf furmaanni fi gorsi deeggarsa sadarkaa maatii bishaan, qulqullinaa fi eegumsa naannoo
irratti gorsuu;
o Meeshalee hammachiisummaa WASH beeksisuuf barbaachisan maatii fi miseensa raayyaa dubartootaaf hiruu;
28
o Ragaa waa’ee namoota miidhama qaama qaban buufata fayyaa ykn keellaa sulula naannoo sana jiru irratti argaman odeeffannoo
sassaabu;
o Faasiliitiin WASH buufata fayyaa/ keellaa keessatti ijaaraman dizaayinii hammachiisummaa eeganii hojjetamuu isaanii
mirkaneessuu;
o Faasilitiiwwan buufata fayyaa /keellaa fayyaa keessa jiran qulqullinni isaanii eegamuu fi nama hundaaf tajaajila kan kennan ta’uu
isaa mirkaneessuu.
Raayyaa misooma dubartootaa
o Abbaa warraa/haadha warraa qaama midhamtoota maati isaani keesatti argaman, argama dhiheessa meeshaalee gargaarsaa fi
furmaata fayyadamiinsa dhiheessa bishaani, qulqullina dhunfaa fi naannoo irratti goorsa ni laatu;
o Meeshaalee beeksiisa haammachiisa WASh tiif fayyadan dhaaf ni raabsu;
o Odeeffannoo namoota miidhama qaama qaban hojjettoota eksiteenshinii fayyaatiif kennuu;
Koree WASHCO, Koree Maatii fi barsiisootaa, fi Koree Hoggansa Fayyaa
o Namoonni miidhama qaamaa qaban akka koree keessatti filataman jajjabeessu;
o Namoonni miidhama qaamaa qaban, carraa walga’iiwwan irratti hirmaachu qiixa ta’e akka qaban fi keenninsa murtii dhimmi
dhaabbilee dhiheessa bishaani, qulqullinaa dhunfaa fi naannoo (WASH) irratti gochuu isaani mirkaneessu:
Walga’ii bakka mijaa’aa ta’eetti gaggeessu;
Qaamooleen hundi waamamu isaani mirkaneefachu;
Qaamoleen hundi akka yaadaa fi feedhii isaani ibsatan gochu.
o Dhaabbileen dhiheessa bishaani, qulqullina dhunfaa fi naanno ijaaraman diizayini hunda haammachise qabaachu isaani
mirkaneefachu;
o Hawaasni buufataalee bishaani ijaaraman bira qaqqabu hin dandeenye yoo jiraate, koreen WASHCO yoo haalli teeknikaa fi maallaqaa
haayyame, mallawwan kan biro (kan akka Ujummo diriirsuun, bishaan roobaa cimsuun, boolla sadarkaa maatii qootuun, bishaan
yaaluun fi kkf) fayyadamuun waliin gahuumsi dhiheessa bishaani akka mirkanaa’u goochu;
o Abbaan warraa/haati warraa qaama midhamoota maatii isaani keessatti qaban manneen fincaani isaani haala qaamoleen hundaa itti
fayyadamaniin akka ijaaratan/foyyeefatan jajjabeessu.
Dhaabbilee Amantii/ Gaggeesitoota amantii
o Qaama miidhamtoonni rakkoo ilaalchaa kan akka waan rakkoof uumamaniitti, ba’aa ta’aanitti fi qaanitti ilaaluu irra haala qajeeloon
akka ilaalan hawaasa hubachiisu;
o Faayidaalee qulqullinaa fi eegumsa qulqullina naannoo irraa argamu miseensoota isaanitiif beeksiisu;
o Mana fincaanii bakka sagadaatti tajaajila hawaasaaf dhaqabamaa akka ta’uuf hojjechuu/ ijaaruun hawasaaf fakeenya ta’uu;
Dhaabbilee bu’uura hawaasaa naannoo biroo (iddirii, waldaalee dargaggootaa fi dubartootaa kkf)
o Qaama miidhamummaan hawaasaa fi maatii issanii keessatti karaa qajeeloo ta’een akka hubatamu jajjabeessuu;
o Tajaajila dhiyeessii WASH akka fooyya’uu hawaasa keessatti miseensa isaanii sosochoosuu.
29
8. CHEEK LISTII HAMMACHSUMMAA
Hammachisummaa Teeknikaa
Deemsa karaa Mana Fincaani/buufata fayyaa
Manni fincaani/buufanni bishaani dhiheenya manaa/dhaabbileetti argama? (Mana Fincaani abbaa warraaf meetira 15 kan hin
caalle, mana fincaani dhaabbileef meetira 30 kan hin caalle)
Karaan gara mana fincaani/buufata bishaani geessu bal’aa, diriiraa, fi wantoota danqan irraa biliisa kan ta’ee dha? Karaan geessu kun mallatoo adda addaa (fkn dhagaa, funyoo fi qalama/fakkii fi kkf) tiin haala ifa ta’een kaa’ameera?
Seensa Mana fincaani/buufata fayyaa
Seensi qaamota hundaaf salphaa fi nageenya kan qabu dha? (olba’aa guddaa, harka qabannan jiraa)?
Seensi mana fincaani bal’ina gahaa ta’ee qaba (Yoo xiqqaate bal’ina 90 cm)?
Balballi mana fincaani haala salphaadhaan banamuu fi cuufamu danda’aa? Meeshaan deggarsa kennu/qabatan/ keesoo fi ala
ni jiraa?
Itti Fayyadamiinsa
Manni Fincaani Iccitii nama dhunfaa (privacy) kan eege dha?
Mana fincaani/naannoo buufata bishaani keessatti bakki gahaa ta’ee qaamni hawaasaa hundaaf mijaa’aa ta’ee fi itti
fayyadamu danda’u kan godhu jira?
Filannoon taa’umsaa mana fincaani keessa ni jiraa?
Mana fincaani keessa meeshaan gargaarsa kennu ni jiraa?
Lafti mana fincaani keessa kan nama hin mucuucesine fi qulquleesuuf mijataa dha?
Buurqaa gabbiate irratti garaagarumma dheerina adda addaatiin kan ittiin waraabatan /tap/ ni jiraa?
Haammachisummaa Hawaasa Hundaa (Social inclusion)
Qaamoleen hawaasaa hundi, qaama midhamtoota dabalate walgahii WASH irratti waamichi ni godhamaafi?
Bakkii walgahiin taasifamu, bakka hawaasni hundi irratti hirmaachu danda’utti gaggafamaa jiraa?
Namoonni qaama midhamaa ta’aan karoora, hoggansaa akkasumas opireshinii fi suphaa WASH irratti hirmaachaa jiru?
Koreen WASHCO keessatti qaama midhamtoonni ni argamu?
Hawaasni namoota qaama midhamtoota hawaasa keessatti argaman adda baasun feedhii isaani karooraa fi hojiirra olmaa
WASH keessatti wanti hojiirra oolche jira?
Maatiin qaama midhamtoota maatii isaani keessatti argaman manneen fincaani akkamitti isaan akka fayyadaman/mijeessan
gochu danda’aan goorsi kennameefi jiraa?
Qaama midhamtoonni akka qaama hawaasa birootti pirojektii ijaarae keessatti qixxee hirmaatani qixxee fayyadamoo
ta’aaniiru?
Dhaabbileen, gareen qaama midhatoonnii itti goorsa fudhatan jiraa?