sanyii gara boodaa (ulfa ji’a 3-9tti jiru) kutaa 3 facilitators guide... · sanyii gara boodaa...

6

Upload: others

Post on 31-Oct-2019

39 views

Category:

Documents


0 download

TRANSCRIPT

Page 1: SANYII GARA BOODAA (Ulfa ji’a 3-9tti jiru) KUTAA 3 Facilitators Guide... · SANYII GARA BOODAA (Ulfa ji’a 3-9tti jiru) KUTAA 3 Mataa ofiin dura namoota biroof duursa kennuu baarbaadu;
Page 2: SANYII GARA BOODAA (Ulfa ji’a 3-9tti jiru) KUTAA 3 Facilitators Guide... · SANYII GARA BOODAA (Ulfa ji’a 3-9tti jiru) KUTAA 3 Mataa ofiin dura namoota biroof duursa kennuu baarbaadu;

KUTAA 3SANYII GARA BOODAA (Ulfa ji’a 3-9tti jiru)

Mataa ofiin dura namoota biroof duursa kennuu baarbaadu; keessumaa abbaan warraa isaanii yookan miseensonnii maatii biroon isaan caalaa nyaachuu yookan kan irra fooyyee qabu nyaachuu isaanii yookan dursanii nyaachuu isaanii mirkaneessuu barbaadu.;

Nyaata nyaachuu fi boqachuuf yeroo gahaa hin qaban.

Akkas Jedhaa: “Walgahii har’aatiin rakkoolee kanaa fi kanneen biro akkasumas furmaata isaaniirratti mari’anna. “

“Akaakuuwwan nyaataa Mootiiwwan Kanniisaa guyyaa guyyaan yeroo nyaata maatii fi tursiistuu nyaachuu qaban karoorsuu fi mari’achuu shaakalla.”

“Akkasumas Mootiwwan Kaannisaa daa’imma jajjaboo, fayya qabeeyyii fi qareeyyii akk qabaatan taasisuuf gumaacha Abbootiin warraa mootiwwan kaannisaa fi Amaatiiwwan taasisuu qaban mari’anna.

Gulantaa 4: Waa’ee sirna Soorata gaarii sadarkaa SANYII gara boodaarratti barbaachisuu fi rakkoolee barataman tokko tokko

1. “Mootiiwwan Kanniisaa nyaata baay’ee nyaachuu fi nyaatawwan ABBAA URJII dabalataa argachuu kan qaban ta’ullee, yeroo tokko tokko haala kana raawwachuuf rakkoo qabaachuu danda’u.

Fakkeenyaaf, ji’oota yeroo ulfaa gara boodaa keessaa, dubartoonni ulfaa tokko tokko nyaata baa’isnee yoo nyaanne yookan akaakuu nyaataa tokko tokko yoo nyaanne, daa’imni gadameessa keessa jiru garmalee guddatee dahumsarratti nu rakkisa jedhanii ta’e jedhanii nyaata nyaachuu dhiisu.”

2. “Dubartoonni ulfaa nyaata gahaa ta’e yoo hin nyaannee fi nyaatawwan ABBAA URJII nyaachuu yoo dhiisan, rakkoo sababa hanqina nyaataan umamaniif saaxilamu. Sababa kanaanis, akka salphaatti dahuu mannnaa, haala akka ulfi irraa bahu taasisu yookan haala dahumsa irratti lubbuu mataa isaanii fi lubbuu daa’ima isaanii balaaf saaxiluu keessa galu.

Mootiiwwan Kanniisaa ji’oota yeroo ulfaa gara boodaa irratti ofii isaaniif jabeenya akka argataniifi daa’imman isaanii SANYIIN gadameessa keessa jiranillee ciccimoofi fayya-qabeeyyii akka ta’an nyaata baay’isanii nyaachuu qabu.

Yeroo kanatti sammuunii fi qaamni daa’ima SANYII ariitiidhaan waan guddataa jiruuf, haala gaarii ta’een guddachuuf sirna nyaataa sirrii ta’a argachuu qaba.

Mootiin Kanniisaa nyaata gahaa hin nyaanneefi, fuduraalee nyaata ABBAA URJII ta’an lagatte, ofii ishees ta’ee daa’ima ishee SANYII sirna nyaataa gaarii fayyaa fi cimina argachuuf gargaaru dhoowwatte jechuudha.

Baay’ina nyaataa dabaluun, nyaatawwan ABBAA URJII dabalanii nyaachuun, Kiniinii Aayiranii fudhachuun, tajaajila wal’aansaa dahumsaan duraa hordofuun, akkasumas waa’ee dahumsaan dura karoorfachuu abbaa warraa waliin mari’achuun hundi isaanii haala nagaan ofkaluudhaaf gumaacha taasisani dha.

Mata-dureewwan MHG Guguddoo Kutaa kanaa Meeshaalee barbaachisan

Nyaata haadholii nyaatawwan ABBAA URJIIn madaalawaa gochuu

Lubbuu lamaaf nyaachuu

Cimina argachuuf nyaachuu (haadha cimtuu, daa’ima cimaa/cimtuu)

Da’umsaa bu’aa gaarii qabuuf qophii taasisuu

Mootii Kanniisaa hojiidhaan gargaaruu fi deeggarsa maatii

Tapha qophii karoora nyaata guyyee Mootii kanniisaa, afata, naannessituu fi kaardota nyaataa waliin

Poostara Baay’ina akaakuu nyaata haadholii

Kaardii Tapha qooda fudhannaa garee xixiqqaa 3f

Yaadannoo Maatii

Gulantaa 1: Baga nagaan dhuftaniiAkkas jedhaa: “MHG Kutaa sadaffaa Guyyoota 1000 Jalqabaa kanaaf baga nagaan dhuftan.”

Gulantaa 2: Keessa deebii sagantaa yeroo darbeeAkkas jedhaa: Marii yeroo torbee darbe gaggeessine keessatti, maatii SANYIIF poostara yaadachiiftuu

Kiniinii Aayiranii kenneen ture.

1. Isin keessaa nama meeqatu poostara yaadachiiftuu Kiniinii Aayiranii isinii kenne abbaa warraa yookan haadha warraa fi miseensa maatii keessaniif ibsitan?

2. Meeqan keessantu qajeelfama akkaataa ijaarsa mana lukkuu abbaa warraa yookan haadha warraa fi miseensa maatii keessaniif ibsitan?

3. Baay’ina hirmaattota harka baasanii uunka gabaasaa kutaa 3 irratti galmeessaa.

Akkas jedhaa: “Sirni nyaataa Mootiiwwan Kanniisaa maatiiwwaniif baay’ee barbaachisaadha. Sababiin isaas, dubartoonni ulfaas ta’anii haadholeen harma hoosisan lubbuu lamaaf jedhanii nyaatu waan ta’eefi. Sirni nyaataa haadhaa hanguma gaarii ta’aa deemu, daa’imni SANYIINcimaa, fayya-qabeessafi qareessaa ta’ee guddataa deema.”

Gulantaa 3: Mata-duree walgahii har’aa: SANYII gara Boodaa (Sirna Nyaataa yeroo ulfaa ji’oottan 3-9 tti jiruu)

Gaaffii:: Filiipchaartii irraa maaltu isinitti mul’ata

Deebii: Dubartii Ulfaa, Dubartii muzii baattu. Akkas Jedhaa: “walgahii har’aa irratti, waa’ee da’imman SANYII (da’imman gadameessa haadha isaanii keessa

jiran) , Dubartoota ulfaa fi maatiiwwan isaanii daa’imni SANYIIN ciccimoo, fayya-qabeessafi qareessaa ta’anii akka guddatan gargaaruudhaaf, haadholeen ulfaafi miseensonni maatii yeroo ulfaa gara boodaarratti maal raawwachuu akka danda’an mari’achuu itti fufna.. Daa’ima SANYII jechuun maal jechuu akka ta’e eenyutu nu yaadachiisa? Gaaffii kana namootni 2-3 akka deebisan taasisaa.

Akkas Jedhaa: Da’imni SANYIIn daa’ima gadammeessa keessatti guddachaa jiru dha

Gaafadhu: Dubartootni Ulfaa waqtiilee jalqaba ulfaattii nyaata baay’ina qabuu fi nyaatawwan abbaa urjii soorachuu waliin walqabatee rakkoolee tokko tokko isaan mudachuu danda’an keessaa namni nu yaadachiisu jiraa; hirmaattota 2-3 ta’an akka deebisan taasisaa.

Dubartoonni ulfaa maatii isaaniirraa adda bahanii nyaachuun, ofiif jedhanii kophaatti nyaata qopheeffachuun, yookan nyaata maatiin isaanii nyaatanirraa adda ta’e yookan kan irra fooyyee qabu nyaachuun itti hin tolu;

Page 3: SANYII GARA BOODAA (Ulfa ji’a 3-9tti jiru) KUTAA 3 Facilitators Guide... · SANYII GARA BOODAA (Ulfa ji’a 3-9tti jiru) KUTAA 3 Mataa ofiin dura namoota biroof duursa kennuu baarbaadu;
Page 4: SANYII GARA BOODAA (Ulfa ji’a 3-9tti jiru) KUTAA 3 Facilitators Guide... · SANYII GARA BOODAA (Ulfa ji’a 3-9tti jiru) KUTAA 3 Mataa ofiin dura namoota biroof duursa kennuu baarbaadu;

8. Maricha xumuruudhaaf QABXIILEE XUMURAA KANNEEN IBSAAFII:

Taphni kuni nyaata haadholee ulfaa fi harma hoosisaniif guyyaa guyyaan barbaachisu akkamitti akka karoorsinu shaakaluuf nu gargaara.

Mootiiwwan Kanniisaa yeroo ulfaa nyaata akaakuuwwan adda addaa karoorfachuu fi nyaachuuf gargaarsi abbootii warraa fi miseensota maatii isaan barbaachisa.

Nyaatawwan ABBAA URJII mana yoo hin jiraanne, Mootiiwwan Kanniisaa nyaatawwan ABBAA URJII kana manatti omishuufi horsiisuuf yookan bituuf deeggarsi abbootii warraa isaan barbaachisa.”

Gulantaa 6: Horsiisuu fi Oomishuu(biqilchuu) 1. Qajeelfama akkaataa nyaata lukkuu fooyya’e qopheessuu yaadannoo maatii irraa hirmaattotaaf

dubbisaa. Abbootiin warraa fi miseensotni maatii, mootiwwan kaannisaa guyyaa guyyaan nyaatawwan abbaa urjii sadii kanneen akka hanqaaquu fi k.k.f nyaachuu akka danda’aniif hgargaarsa akka kennaniif ibsaafii.

2. Gulantaalee 9 akkaataa haala salphaan nyaata lukkuu itti qopheessinu hirmaattotaaf dubbisaa.

3. Muuxannoo horsiisa lukkuu hirmaattota gaafadhaa.

4. Lukkuu kan hin horsiisne yoo ta’e, hubannoo bittaa hanqaaquu qaban akka nuuf qoodan jajjabeessaa.

Lukkuulee fi Hanqaaquu eessaa fi qarshii meeqaan akka bitan gaafadhaa.

Mootiiwwan kanniisaa nyaatawwan abbaa urjii 3 argachuuf lukkuu horsiisuu fi hanqaaquu gahaa argachuun barbaachisaa akka ta’e ibsiif

Gulantaa 7: Qopheessuu; Osoo hin faalamiin Tursiisuu; olkaa’uu Foon jaji’ee goge qopheessuu fi osoo hin alaa’iin (badiin) tursiisuu

1. Nyaata qopheessuun dura yeroo hundumaa harka keenya saamunaa fi bishaaniin dhiqachuu akka qaban yaadachiisaa

2. Foon bitaatii dheeressaatii jaji’aa

3. Mimmixa(barbaree) yookaan awaazee; Zayita; cuunfaa loomii muraasa; daakuu kororimaa fi soogidda itti makaa

4. Foon jaji’ame makaa Mimmixichatti sukkuumaa

5. Funyoo ol diriiree hidhamee fi kutaa qilleensi galuu danda’utti (Da’imman yookaan Bashoon yookaan Sareen akka gahuu hin dandeenyetti) fannisaatii guyyaa muraasaaf akka turu taasisaa

6. Waqtii roobaatti foon jaji’anii gogsuun sirrii miti. Sababii isaas jiidhinsi qilleensaa dafee gogsuu waan hin dandeenyeef.

7. Foon jaji’ame goge akka Ittootti, nyaata akka Firfirii fakkaatan irratti makamee akkasumas qofaa isaa akka tursiistuutti ni nyaatama

Gaaffii: Filiipchaartii irraa maaltu isinitti mul’ata.

Deebii: Nyaatawwan abbaa urjii; gabatee golboo (saahinii) xixiqqoo, Dubartii nyaata lukku qopheessitu, lukkuwwan.

Gulantaa 5: Tapha Yaadachiiftu Soorata haadholii Guyyaa Guyyaanii

1. “Amma tapha mootiiwwan kanniisaa keenyaaf yaadannoo nyaataa haadholii guyyaa guyyaan barbaachisu qopheessuu shaakaluuf nu gargaaru taphachaa bashannanna”.

2. Afata tapha yaadachiiftuu nyaata haadholee, naannessituu fi kaardota nyaataa (karaxitii xixiqqoo keessa jiran) Gareetti AGARSIISI ti TAPHICHA AKKAMITTI AKKA TAPHATAN IBSI:

Sahaaniiwwan guguddoon sadeen (ciree, laaqanaa fi irbaata) nyaata maatii guyyaa tokkoof nyaatu dha.

Sahaaniiwwan xixiqqaan lamaan tursiistuuwwan guyyaa tokkoo dha

Gareen hundi kaardota nyaataa ilaaluudhaan, mootiin kanniisaa nyaataafi tursiistuuwwan guyyaa sana maatii keessatti nyaachuu qaban filannoo jirurratti mari’atu.

Yaadadhaa: Mootiiwwan Kanniisaa (dubartoonni ulfaafi harma hoosisan) guyyaatti yoo xiqqaate nyaata abbaa urjii-3 tokko nyaachuu qabu. Nyaatawwan abbaa urjii-3 nyaatawwan gosa beeyiladootaa adda addaarraa argamani dha.

Yaadadhaa: Mootiiwwan Kanniisaa guyyaatti yoo xiqqaate nyaata abbaa urjii-2 tokko nyaachuu qabu. Isaanis: fuduraalee yookan muduraalee nyaatatti dabalamani dha.

3. Hirmaattotni hundi gareelee xixiqqaa 3tti qoodamuun akka geengoo uuman taasisi

4. Afata Tapha yaadachiiftuu nyaata Haadholee a tokkoo fi kaardiilee nyaataa gareelee 3f raabsaafii

5. NAANNA’UUN gareeleen geemicha akkamitti akka taphatan hordofaa

6. Mootiiwwan Kanniisaa isaaniif guyyaa guyyaan barbaachisu irratti akka mari’ataniifi kaardota nyaataa ilaaluu fi kanneen guyyaa guyyaan gara nyaata idileefi tursiistuuwwan dhaquu qaban filuudhaan filannoo dhuga-qabeessa akka raawwatan JAJJABEESSI.

7. DAQIIQAA 20 BOODA, namni hundi gara garee guddichaatti akka dhufu gaafadhu. Gareelee hunda keessaa nama adeemsa taphichaa hirmaattota waliigalaaf ibsu gaafadhu.

Tapha yaadachiiftuu nyaata Haadholee guyya guyyaa taphachuu jaallattanii?

Mootii Kanniisaa guyyaa kanaaf ta’u qopheessuurratti wanti salphaa ta’e maal ture?

Mootii Kanniisaa guyyaa kanaaf ta’u yeroo qopheessitan rakkooleen muraasni garee keessan quunname maali?

Mootii Kanniisaaf guyyaa guyyaan barbaachisu yeroo qopheessitan filannoo dhuga-qabeessa ta’e murteessuuf akka dandeessan, gorsi miseensota garee xixiqqaa irraa arganne maali?

Page 5: SANYII GARA BOODAA (Ulfa ji’a 3-9tti jiru) KUTAA 3 Facilitators Guide... · SANYII GARA BOODAA (Ulfa ji’a 3-9tti jiru) KUTAA 3 Mataa ofiin dura namoota biroof duursa kennuu baarbaadu;
Page 6: SANYII GARA BOODAA (Ulfa ji’a 3-9tti jiru) KUTAA 3 Facilitators Guide... · SANYII GARA BOODAA (Ulfa ji’a 3-9tti jiru) KUTAA 3 Mataa ofiin dura namoota biroof duursa kennuu baarbaadu;

Gaaffii: Filiipchaartii irraa maaltu isinitti mul’ata

Deebii: Leenca; Harree: Dammaa fi Bishaan

Gulantaa 8: Mari’achuu fi waliin murteessuu-Tapha qooda fudhannaa

Akkas Jedhaa: “Amma Mootiiwwan Kanniisaa fi daa’imman jajjaboo fi fayya qabeeyyii akka ta’aniif nyaata dabalataa akka nyaatan karaa gargaaruu dandeenyu akkamitti abbootii warraa fi maatiiwwan waliin akka mari’annu shaakalla.”

1. “Mootiiwwan Kanniisaa fi ijoolleen isanii nyaata bay’ee akka nyaatan, sirriitti akka boqatanii fi nyaatawwan ABBAA URJII akka nyaatan karaa gargaaruu dandeenyu maatiiwwan keenya waliin akkamitti akka mari’annu shaakaluuf garee xixiqqaan tapha muraasa hojjenna. Jalqaba garuu, garee guddaan dafnee tapha tokko hojjenna.”

2. Namoonni sadi fedhiidhaan ka’anii garee guddichaa fuuldura akka dhaabbatan gaafadhu. Kaardii qooda fudhannaa laphee isaanii irratti akka qabatan gargaari.

Namni jalqabaa Kaardii LEENCAA laphee isaaniitti qabachuun akka LEENCAA ta’ee yookan taatee akka taphattu/ttu itti himi.

Namni lammataa Kaardii HARREE laphee isaaniitti qabachuun akka HARREE ta’ee yookan taatee akka taphattu/ttu itti himi.

Namni Sadaffaa Kaardii DAMMII fi BISHAANII laphee isaaniitti qabachuun akka DAMMII fi BISHAANII ta’ee yookan taatee akka taphattu/ttu itti himi

Tapha qooda fudhannaa yeroo miseensota garee waliin qindeessitan, mata duree armaan gadii irratti xiyyeeffannoon irratt akka mari’atan taasisi

Dubartoonni ulfaa guyyaa guyyaan nyaatawwan abbaa URGII baay’inaan akka argataniif maal gochuu akka qaban.

3. Namoota fedhiin ka’an sadeen keessaa, kan LAMMATAA qooda isaa/ishee qabatee/ qabattee akka HARREE ta’ee/taatee hima kana akka jedhu/jettu GAAFADHU (baay’ee ofgataa/ofgattuu, baay’ee callisa/callistuu, dhimma hinqabnee).

4. Namoota fedhiin ka’an sadeen keessaa, kan SADAFFAAN qooda isaa/ishee qabatee/ qabattee akka DAMMAA fi BISHAANII ta’ee/taatee hima kana akka jedhu/jettu GAAFADHU (ofitti amanaa/tu, gara laafessaa fi nam-kunuunsaa, kan namni hundi dinqisiifatu).

5. Namoota fedhiin ka’an sadeen keessaa, kan SADAFFAAN qooda isaa/ishee qabatee/ qabattee akka DAMMAA fi BISHAANII ta’ee/taatee hima kana akka jedhu/jettu GAAFADHU (ofitti amanaa/tu, gara laafessaa fi nam-kunuunsaa, kan namni hundi dinqisiifatu).

6. Amma Miseensonni garee GUDDICHAA waan arganii fi dhagahan akka ibsan GAAFADHU. Kanamalees, kanneen itti aanan kana gaafadhu:

Namoonni sadeen gaheewwan fudhatan sirriitti taphataniiruu?

Tooftaalee koominikeeshinii sadeen kana keessaa kan namoota beektan yookan mariiwwan kanaan dura taasistan isin yaadachiise jiraa?

Tooftaa koominikeeshinii: LEENCA, HARREE, DAMMAA fi BISHAAN keessaa kamitu abbaa warraa/haadha warraa fi maatiiwwan keenya waliin akka mari’annuu fi furmaata barbaadnu nu onnachiisuuf baay’ee bu’a

qabeessa ta’uu danda’a?

7. Odeeffannoo haaraa walagahii kanarratti baranne gallee maatiiwwan keenya waliin irratti mari’achuuf, tooftaan

koominikeeshinii DAMMAA fi BISHAANII dandeettii gaarii horachuu qabnu dha jechuun ibsaafii.

8. Amma garee xiqqaadhaan walgeenyee akka DAMMAA fi BISHAANII fakkaachuu shaakaluuaa itti himaa. Hirmaattonni gareelee xixxiqqaa 3 tti akka gurmaa’an gaafadhu

9. KAARDOTA TAPHAA QOODA FUDHANNAA gareef tokko tokko kenni. Tapha kana yeroo tokkotti namni lama qofti akka taphatanii fi miseensonni garee kanneen biroo immoo taa’anii kan daawwatan taasisaa. Daqiiqaa 5 booda taphichi akka xumuramuu fi namoonni taa’anii daawwachaa turan namoota lamaaniif yaada/duub-deebii akka kennan ibsaafii.

10. Gareelee xixiqqaan qooda miseensota maatii yammuu taphatan, tooftaa koominikeeshinii DAMMAA fi BISHAANII dubbachuu shaakaluu akka qaban itti himaa: ofitti amantaadhaan dubbachuuf, obsa qabaachuu fi gara laafummaan namoota biroo dhaggeeffachuuf waan danda’an hunda gochuu akka qaban itti himaa

11. DAQIIQAA 10 BOOD, akka dabaree walgeeddaranii fi namoonni haaraan akka taphatan gaafadhu.

12. Namni Hunduu Carraa argatee erga taphateen booda, garee guddichaan akka walgahan gochuun Gareelee xixiqqaa hunda keessaa namni tokko fedhiidhaan muuxannoo taphachicharraa argatan akka qoodan gaafadhaa:

“Tapha qooda-fudhannaa kanarraa maal baranne?”

“Dandeettiiwwan tooftaa koomunikeeshiinii DAMMAA fi BISHAANII keenya fooyyeessuuf gorsa nu gargaaran maal maal miseensota garee keenyaarraa arganne?”

“Mootiiwwan kanniisaa keenya jabeenya argachuuf akka nyaatan, Kiniinii Aayiranii akka fudhatan, sirriitti akka boqataniifi nagaan ofkaluuf akka qophaa’an gargaaruuf maatii keenya waliin mari’achuudhaaf sirriitti qophoofneerraa?

Akkas Jedhaa: “Taphni kun baay’ee kan barbaachisuuf, namni hundi Mootiin kanniisaa isaanii nyaata baay’ee akka nyaattu, nyaatawwan ABBAA URJII akka nyaattu, Kiniinii Aayiren Fooleetii galgala akka fudhattuu fi akka sirriitti boqachuu dandeessu maatiiwwan isaanii waliin mari’achuu akka shaakaniif ta’uu isaa hin dagatinaa.”

Gulantaa 9: Meeshaaleefi Hojiilee manaa manatti fudhatamanii galan

1. Poostara bal’ina akaakuu nyaataa haadholee raabsiiti poostarichi wantoota itti aanan kanneen kan nu yaadachiisu ta’uu isaa ibsaafii:

Mootiiwwan Kanniisaa guyyaatti yoo xiqqaate nyaata abbaa urjii-3 tokko nyaachuufi nyaata abbaa urjii-2 tokko immoo nyaata nyaatan hundatti makuu qabu

Mootiiwwan kanniisaa tursiistuuwwan nyaachuun, yeroo maatiin isaanii nyaatan nyaata sirriitti nyaachuufi yeroo nyaata bilcheessan haalan dhamdhamuudhaan, baay’ina nyaatawwan guyyaatti nyaatanii dabaluu qabu.

Miseensonni maatii Mootiin kanniisaa sirriitti akka nyaata nyaattu jajjabeessuu qabu.

Maatiiwwan hojiilee gargaaruudhaan sirriitti akka boqataniifi nyaatan gahee isaanii bahuu qabu.

2. Yaadannoo maatii irra kan jiru Qajeelfama akkaataa nyaatni lukkuu itti qophaa’u kanneen armaan gadii ibsaafii.

3. Yaadannoo maatii irraa Kaardiileen muuxannoo dhuunfaa bakka itti argamu ibsaafii

Dubartiin ulfaa yeroo isheen tursiistuu nyaattu; Guyyaa guyyaan nyaatawwan abbaa URJII 3 fi abbaa URJII 2 “lubbuu lamaaf nan nyaadha”.

Gulantaa 10: CufiinsaWalgahiin itti aanu yoom akka ta’e nama hunda yaadachiisi.

Akkas jedhaa: “Turtii miidhagaa waliin taasifneef baay’een isin galateeffadha