mijuuafaan oromoo, amaariffa, ingilif-faafi arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti...

19
Bara - 44 Lak. 14 Bariisaa Caamsaa 15 Bara 2012 (May 23, 2020) Qar. 2.30 Yaada Mo’ataa Injifannoo Caalmaaf! Gara fuula 15tti 8 Bu’aalee maxxansaa dhaabbata keenyaarratti yaada bilisaa keessan Afaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif- faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir- maadhaa. Teessoowwan keenya; [email protected] lakkoofsa bilbilaa 011-1-264208 fayyadamuu dandeessu. Akkasumas fees buukii Ethiopian Press Agen- cy/Bariisaa, websaayitii www.press. et daaw’adhaa. Dhaabbata Pirseesii Itoophiyaa Gaazexoota keenyarratti barreessuu arbaadduu? Takkaalliny Gabayyootiin Finfinnee: Akka lakkaawwii waggaa Hijiraatti ayyaana Iid Alfaxirii barana yeroo 1441faf kabajamu sababeffachuun hawaasni Musliimaa tokkummaa biyyaalessaa ijaaramaa jiru karaa hundaan cimsuuf gaheefi imaanaasaa bahachuu akka qabu Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa gaafate. Hordoftoota amantichaa maraafis ergaa baga geessanii dabarse. Pirezidaantiin mana marichaafi durataa’aan majiliisotaa Muftii Hajii Umar Idris miidiyaaleef ibsa kennaniin akka jedhanitti, ayyaanni Iid Alfaxirii hordoftoota amantii Islaamaa guutummaa addunyaarra jiran mara biratti yeroo soomni Ramadaanaa xumuramu waan ta’eef haala adda ta’een kabajama. Barana garuu gaaga’ama dhibeen koviid-19 geessisaa jiru ittisuuf hawaasni Musliimaa masjiitotaafi dirreerratti waliin ayyaanicha akka hinkabajanne danqaa kan ta’e yoo Hawaasni Musliimaa tokkummaa biyyaalessaa cimsuuf gaheesaa bahachuu akka qabu gaafatame Charinnat Hundeessaatiin Finfinnee: Olola Misir hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaatiin walqabatee adeemsisaa jirturra aanuuf Mootummaan Itoophiyaa hojii dippilomaasii cimsuu akka qabu Birgaadeer Jeneraal Kaasaayee Camadaa ibsan. Misir hidha guddicha ijaarsisaa harka 73 irra gaheefi guutiinsi bishaaniisaa baatii Adoolessaa dhufu eegalamuuf karoorfameen walqabatee yaadota adda addaa Itoophiyaarratti hoofaa jirti. “Mootummaan dhimma hidhichaarratti hojii dippiloomaasii daran cimsuu qaba” -Birgaadeer Jeneraal Kaasaayee Camadaa Muftii Haji Umar Idris Gara fuula 3tti “Ramadaana baranaa otoo dhufuusaa hinargiin lufuusaa argine” “Vaayirasii koronaa ittisuuratti hunduu dammaqinaan hirmaachuu qaba” - Aadde Loomii Badhoo 3 Mijuu BARIISAA SANBATAA Caamsaa 8 Bara 2012 fuula 8 fuula 6 - Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa “Ramadaana baranaa otoo dhufuusaa hinargiin lufuusaa argine” Iid al-faxirii bara dhibee koronaa; of eeggannoon dirqamaa Miidhaa bineensota summaa’oo fuula 10 fuula 12 Duulichi kan ajajaa waraanaa qofa miti Waggaa darbe Itoophiyaatti sagantaa ashaaraa magariisaa guyyaa tokkootiin biqiltuuwwan miliyoona 300 ol dhaabneerra. Bara darbe waliigalaan biqiluuwwan biiliyootni 4 kan dhaabaman yoo ta’u, kanneen keessaa %84 qabachuun mirkanaa’eera. Ganna baranaattis biqiltuuwwan biiliyoona 5 dhaabuudhaaf qophiin xumuramaa jira. Baranas qophii gahaa gochuudhaan bu’aa olaanaa ni galmeessifna! Hordoftoota amantii musliimaa maraaf baga ayyaana IiD Alfaxir baranaatiif isiin gahe!

Upload: others

Post on 30-Oct-2020

183 views

Category:

Documents


28 download

TRANSCRIPT

Page 1: MijuuAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et lakkoofsa bilbilaa 011-1-264208

Bara - 44 Lak. 14 Bariisaa Caamsaa 15 Bara 2012 (May 23, 2020) Qar. 2.30

Yaada Mo’ataa Injifannoo Caalmaaf!

Gara fuula 15tti

8

Bu’aalee maxxansaa dhaabbata keenyaarratti yaada bilisaa keessan Afaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa.

Teessoowwan keenya; [email protected] bilbilaa

011-1-264208 fayyadamuu dandeessu. Akkasumas fees buukii Ethiopian Press Agen-cy/Bariisaa, websaayitii www.press.et daaw’adhaa.

Dhaabbata Pirseesii Itoophiyaa

Gaazexoota keenyarratti barreessuu

arbaadduu?

Takkaalliny Gabayyootiin

Finfinnee: Akka lakkaawwii waggaa Hijiraatti ayyaana Iid Alfaxirii barana yeroo 1441faf kabajamu sababeffachuun hawaasni Musliimaa tokkummaa biyyaalessaa ijaaramaa jiru karaa hundaan cimsuuf gaheefi imaanaasaa bahachuu akka qabu Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa gaafate. Hordoftoota amantichaa maraafis ergaa baga geessanii dabarse.

Pirezidaantiin mana marichaafi durataa’aan majiliisotaa Muftii Hajii Umar Idris miidiyaaleef ibsa kennaniin akka jedhanitti, ayyaanni Iid Alfaxirii hordoftoota amantii Islaamaa guutummaa addunyaarra jiran mara biratti yeroo soomni Ramadaanaa xumuramu waan ta’eef haala adda ta’een kabajama.

Barana garuu gaaga’ama dhibeen koviid-19 geessisaa jiru ittisuuf hawaasni Musliimaa masjiitotaafi dirreerratti waliin ayyaanicha akka hinkabajanne danqaa kan ta’e yoo

Hawaasni Musliimaa tokkummaa biyyaalessaa cimsuuf gaheesaa bahachuu akka qabu gaafatame

Charinnat Hundeessaatiin

Finfinnee: Olola Misir hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaatiin walqabatee adeemsisaa jirturra aanuuf Mootummaan Itoophiyaa hojii dippilomaasii cimsuu akka qabu Birgaadeer Jeneraal Kaasaayee Camadaa ibsan.Misir hidha guddicha ijaarsisaa harka 73 irra gaheefi guutiinsi bishaaniisaa baatii Adoolessaa dhufu eegalamuuf karoorfameen walqabatee yaadota adda addaa Itoophiyaarratti hoofaa jirti.

“Mootummaan dhimma hidhichaarratti hojii

dippiloomaasii daran cimsuu qaba”

-Birgaadeer Jeneraal Kaasaayee Camadaa

Muftii Haji Umar Idris

Gara fuula 3tti

“Ramadaana baranaa otoo dhufuusaa hinargiin

lufuusaa argine”

“Vaayirasii koronaa ittisuuratti hunduu

dammaqinaan hirmaachuu qaba”- Aadde Loomii Badhoo

3

MijuuBARIISAA SANBATAA Caamsaa 8 Bara 2012

fuul

a 8

fuul

a 6

- Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa

“Ramadaana baranaa otoo dhufuusaa hinargiin

lufuusaa argine”

Iid al-faxirii bara dhibee koronaa; of eeggannoon dirqamaa

Miidhaa bineensota summaa’oo

fuula 10

fuula 12

Duulichi kan ajajaa waraanaa qofa miti

Waggaa darbe Itoophiyaatti sagantaa ashaaraa magariisaa guyyaa tokkootiin biqiltuuwwan miliyoona 300 ol dhaabneerra. Bara darbe waliigalaan biqiluuwwan biiliyootni 4 kan dhaabaman yoo ta’u, kanneen keessaa %84 qabachuun mirkanaa’eera. Ganna baranaattis biqiltuuwwan biiliyoona 5 dhaabuudhaaf qophiin xumuramaa jira. Baranas qophii gahaa gochuudhaan bu’aa olaanaa ni galmeessifna!

Hordoftoota amantii musliimaa maraaf baga ayyaana IiD Alfaxir baranaatiif isiin gahe!

Page 2: MijuuAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et lakkoofsa bilbilaa 011-1-264208

ODUU BARIISAA BARIISAA SANBATAA Caamsaa 15 Bara 2012 2

Bayyanaa Ibraahimiin

Finfinnee: Pirojektiin ijaarsa hidha guddaa Abbaayyaa miira nidandeenyaa lammiileesheen eegale tokko jedhee eegalee waggoota 9 fixee 10ffsaa keessa jira.Ijaarsichi deeggarsa lamiileensaan eegalee dhibbantaa 73rra gahe kun jireenya Itoophiyaanotaatti abdii jireenyaa horuu kan gahe ta’us qormaatotaan guutamee keessa darbamaa jira.

Ijaarsi pirojeektichaa maallaqa guddaafi humna biyyattii qormaatu kan gaafatu ta’us, boru gaafa ijaarsisaa xumurame faayidaa achirraa argamuu danda’u tilmaamuudhaan projektii biyyi hiyyeettiin tokko ni hojjatti jedhamee hin yaadamne kun kutannoon itti fufee jira.

Maddi faayinaansii immoo sabbata haawwota hiyyeeyyii irraa kaasee hamma hojjettoota mootummaatti, daldala xixiqqaa irraa kaasee hanga isa humna fooyya’aa qabutti boondii bituufi kennaadhaan hirmaannaa guddaan saffisiifamaa jira.

Dhiheenya kana ejjannoon biyyoota akka Misiriifi Suudan agarsiisaa jiraniin ijaarsa hidhichaarratti dhiibbaa uumuuf yaaliiwwann adda addaa taasifamaa jiru. Dhimma kana ilaalchisuun dheengadda jiraattota magaalaa Finfinnee tokko tokko kan dubbisne yoo ta’u ijaarsichi Itoophiyaanotaaf dhimma jiraachuuf jiraachuu dhabu ti jedhaniiru.

Kuni ta’us dhiibbaan mirga qabeenya uumamaan argatan nama dhorku akka

“Waca biyyoota tokko tokkotiin ijaarsi hidha guddichaa hin gufatu”- Jiraattota Magaalaa Finfinnee

hinjirree fi ijaarsichi milkaahinaan akka xumuramuuf kutannoo cimaan akka jiru jiraattonni kunniin himaniiru.

Ijaarsi pirojektichaa jalqabumas yemmuu eegalamu biyyoota kanneen irraa dhiibbaawwan garaa garaa mudachuu akka dandahan kan beekamu ta’us dhiibbaa geessisuu akka hindandeenye jiraataan magaalaa Finfinnee dargaggoo Zarihun Damisee dubbata.

Akka ibsa Dargaggoo kanaatti tokkummaan ummattoota biyyattii hamma jirutti garuu dhiibbaan biyyoota kanneenii ijaarsa pirojektichaa daqiiqaa tokkoofis dhaabuu hindahau.

Haala amma jiruufi sadarkaa amma irra ga’etti immoo Ijaarsi hidha haaroomsa guddichaa sababa kamiinuu gufachuu hin danda’u kan jedhu dargaggoon kun,

dhiibbaa biyyoota kanneenii sodaachuu osoo hin taane, sodaa isaan achirratti qaban irratti ibsi gahaan isaaniif kennamuu akka qabu dubbata.

Ijaarsa hidha guddichaa irratti maallaqa funaanuu duwwaa osoo hintaane hojiin dippilomaasii cimee ittifufuu akka qabu kan himan immoo, Hospitaala Ras Dastaatti Espeeshaaliistii Gadaameessaa Doktar Garramoo Nagaash yoo ta’an hojii dippilomaasii quubsaa ta’e gama mootummaatiin hojjatamnaan shirri Misiriifi Sudaan hiika dhaba jedhaniiru.

Pirojektii kanaaf irra jireessi hojjataa biyya kanaa boondii kan bitate waan ta’eef hanga xumura hojichaatti deeggarsasaa itti fufuudhaan firii dhumaa wal wajjiin qoodachuuf jecha olola biyyoonni adda addaa dhimmakanarratti hafarsan dura

dhaabbachuu akka qabu ibsaniiru.

Paartileen siyaasaas garaa garummaa isaanii dagachuudhaan dhimma kanarratti tokkumaadhaan biyyoota kanneen qolachuu qabus gaafataniiru.

Hidha guddichaaf boondii bituu qofa osoo hin taane, bakka itti ijaaramus deemtee daawwachuushee kan himtu immoo Aadde Gannat Girmaa, ammas taanaan sababa dhibee koronaatiin xiqqoo qabbanaa’us yeroon booda hanga xumuraatti deeggarsa hidhichaaf taasisan kan itti fufan ta’uu himaniiru.

Lammiileenis ijaarsa hidha haaromsichaa miira nidandeenyaan jalqaban kana fiixaan baasuun dhaloota dhufu hiyyuma keessaa baasuuf kutannoo duubatti hindeebineen socho’uu qabus jedhaniiru.

Vaayirasichaan kan qabaman

5,226,104

Haala fooyya’aarra kan jiran

2,743,104

Dhukkubni kan itti cime 45,502Kan du’an 335,218Kan bayyanatan 2,102,280kaleessa haaraa kan qabaman

35,608

kaleessa qofa kan du’an 1,045 Itoophiyaatti vaayirasi-chaan kan qabaman

429

Yaalamaa kan jiran 294Waliigalaan kan bayya-natan

128

Gara biyya isaaniitti kan deebi’an

2

Kan du’an 5Duhukkubni kan itti cime 0Kaleessa qorannoo laabo-raatoorii kan taasisan

3,645

Kaleessa qofa vaayirasi-chaan kan qabaman

30

Waliigala qorannoo laab-oraatoorii kan taasisan

73,164

Madda: https://www.worldometers.info fi Ministeera Fayyaa Itoophiyaa

Haala vaayirasii koronaa addunyaafi Itoophiyaa

hanga kaleessa sa’aatii 10:00tti

Faayidaafi miidhaa qajeelfama daangessa maallaqaarratti ibsa dhimmamtootaa

Natsaannat Taaddasaatiin

Finfinnee: Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa Kibxata darberraa eegalee qajeelfama qarshii baankotaa ba’u daangessu hojiirra oolcheera.

Qajeelfamichi namni tokko guyyaatti hanga qarshii kuma 200, ji’atti ammoo hanga qarshii miliyoona tokkoo baasuu akka danda’u kan eyyamu yoo ta’u, dhaabbileen ammoo guyyaatti hanga qarshii kuma 300, ji’atti hanga qarshii miliyoona lamaafi kuma 500 akka baasan eeyyama.

Pirezidaantiin Waldaa Ogeessota Dinagdee Oromiyaa Doktar Guutuu Teessoo ibsa dhimma kanarratti Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, qajeelfamichi qarshii seeraan ala naanna’u to’achuufi miliqqii gibiraa ittisuuf qophaa’e.

Qajeelfamichi qarshii kanaan dura keeshaatti naqamee konkolaataan fe’amee seeraan ala naanna’aa ture to’achuufis ni gargaara. Weerara vaayirasii koronaa waliin walqabatees tuttuqqii gama qarshiitiin jiru hirisuu keessati gumaacha qabaata.

Ta’us namoonni karaa seeraan alaa maallaqa naannessuu amaleeffatan tooftaalee adda addaatti fayyadamuun qarshii baankiidhaa baasuu akka yaalanis eeranii, qarshii baankiidhaa ba’u guutummaatti to’achuun

rakkisaa ta’uu addeessaniiru.

Qarshii biyyattii biiliyoona 113 (%50) baankiidhaa jiraachuus Doktar Guutuun eeranii, kana to’achuuf furmaatni qarshii biyyattii jijjiiruu ta’uu beeksisaniiru.

Erga weerarri vaayrasii kun dhufees abbootiin qabeenyaa daldalanii buufatanii liqii baankii deebisuuf waan hindandeenyeef mootummaan qarshii biiliyoona 15 baankotaaf kan dabarse ta’uu himu.

Qajeelfamchi namoonni maallaqasaanii akka gara baankii geessaniif kan hinjajbbeessine

ta’uus dubbatanii, tajaajilli cheekiidhaan kennamus si’aayaa akka hintaane eeraniiru.

Ogeessi baankii maqaasaanii ibsuu h i n b a r b a a n n e tokko gamasaanii m a a m i l t o o n n i s a a n i i maallaqa guddaa sochoosan erga qajeelfamichatti hingammadne ta’uu ibsan.

Maamiltoonni qarshiin qajeelfamichaan daanga’e kan isaan hingeenye ta’uufi hojiisaaniirrattis dhiibbaa akka uumu ibsaa jiraachuu

beeksisaniiru.

Hogganaan Warshaalee Zayita Nyaataafi Daakuu ‘HJ’ Obbo Hirphasaa Joobir akka jedhanitti, maamiltoonni keenya baay’een baadiyyaa waan jiraniif omishaalee isaan irraa bitnuuf qarshii harkatti lakkaa’anii fudhachuu barbaadu.

Kanaafuu qarshiin baankii irraa baafannee hojii ittiin hojjetnu daangeffamuun isaa hojii keenya irratti dhiibbaa kan uumuudha. Akkasumas daldaltoonni hedduun qarshii argatan gara baankiitti utuu hingeessin of harkatti qabatanii hojiisaanii akka ittiin

Zarihun Damissee Doktar Garramoo Aadde Gannat Girmaa

Page 3: MijuuAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et lakkoofsa bilbilaa 011-1-264208

ODUU GAMAAGAMASII BARIISAA SANBATAA Caamsaa 15 Bara 20123

Hojii cimaa mootummaan vaayirasii koronaatiin walqabatee hojjechaa jiruufi ofeeggannoo ummanni taasisaa jiru maal akka fakkaaturratti Afyaa’ii Caffee Oromiyaa, Aadde Loomii Badhoo gaafannee isaanis ibsa ittaanu nuu kennaniiru.

Vaayirasiin koronaa ALA xumura bara faranjootaa 2019 Chaayinaa, Wuhaanitti mul’achuun eddii mirkanaa’ee eegalee ji’oota muraasa keessatti namoota gara miliyoona shaniitti siqan kan qabate yoo ta’u, lubbuu namoota kuma 325 ammoo kan galaafate ta’uu afyaa’ittiin yaadachiisuun ibsasaanii eegalan.

Dhaabbileefi saayintistoonni bebbeekamoon addunyaa qoricha vaayirasichaa argachuuf daran dhama’aa yoo jiraatanillee ammaaf dawaa qofagaleessi ummanni karaa vaayirasichi ittiin darbu hubatee of eeguu akka ta’e Dhaabbata Fayyaa Addunyaa wabeeffachuun ibsaniiru.

Sababuma babal’achuu vaayirasichaatiin gaggeessitoonni siyaasaa lubbuu lammiileesaanii baraaruuf tarkaanfiilee jajjaboo fudhachuuniifi dhaabbileen adda addaas sagantaalee idiladdunyaa baranaaf qabatanii turan haquuf dirqamuu Aadde Loomiin ni dubbatu.

Kanaan walqabatee kufaatii dinagdeefi hawaasummaa tibbanas ta’e gara fuulduraatti addunyaa mudachuu malu qolachuuf biyyoonni tarsiimoo dinagdeesaanii ittiin bayyanachiisan bocuun tarkaanfiilee adda addaa fudhachaa jiraachuu beeksisaniiru.

Biyya keenyas Bitootessa 04 bara 2012, gaafa vaayirasiin koronaa (‘COVID-19’) Itoophiyaatti mul’achuun ibsamee kaastee weerara kana qolachuuf, qajeelfamoota adda addaa diriirsuun cinaatti, gama ogeeyyii fayyaatiin gorsaafi hubannoo bal’aa irra deddeebiin kennuun hawaasni eeggannoo akka taasisuuf hojii bal’aan hojjetama turuu ammas hojjetaa jiraachuus ni ibsu.

Tarkaanfiiwwan jajjaboo mootummaadhaan

“Vaayirasii koronaa ittisuuratti hunduu dammaqinaan hirmaachuu qaba”- Aadde Loomii Badhoo

fudhataman keessaa Labsiin Yeroo Hatattamaa isa tokko. Kana keessattis, aadaafi hariiroo waliin jireenya ummata keenyaa daangessuuf dirqamuun, sochii tajaajila geejjiba biyya alaafi keessaa daangessuun, kenniinsa tajaajila manneen amantiifi sirna baruufi barsiisuu manneen barnootaa addaan kutuun, bakka yaala addaa qopheessuufi meeshaalee qulqullinaafi yaalaa dhibichaaf oolan dhiyeessuurratti hojiin bal’aan hojjetamaa tureera.

Kana cinaatti gaaga’ama dinagdee qaqqabuu maluuf tarsiimoo dinagdee bayyanachiisuu danda’u bocuufi hariiroo diippilomaasii biyyoota biroo waliin qabnu cimsuurrattis hojii bu’aa qabeessi hojjatamaa kan jiru ta’uu mirkaneessu Aadde Loomiin.

Of dagannaa ummatarraa mul’aturratti Aadde Loomiin yaada kennaniin ummanni keenya aadaafi hariiroo waliin jireenyaasaa hir’isuun ittisa dhukkubichaarratti haaluma ogeessonni fayyaa gorsaniin dammaqinaan hojiirra oolchuu qaba jedhan.

Mootummaan, rakkoo hawaas-dinagdee ummataa furuuf meeshaalee nyaataafi qulqullinaa walitti qabee sababa dhibee kanaan miidhaa dhufuu malu hir’isuuf tattaaffiin taasisaa jiru jajjabeessaa ta’uus ni eeru.

Caffeen Mootummaa Naannoo Oromiyaas, ergama bakka bu’ummaasaa milkeeffachuuf yeroo rakkinaa kanatti ummatasaa maddii dhaabbachuun gorsaafi hojii hubannoo uumuurra darbee meeshaalee nyaataafi qulqullinaaf oolan gargaarsaan kennuusaa ibsaniiru.

Kanaanis jilli isaanumaan durfame Bulchiinsa Manneen Sirreessaa Magaalaa Sabbataafi Godina Shawaa Kibba Lixaa, Magaalaa Walisootti sirreeffamtoota seeraatiif akkasumas Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Fantaalleetti deeggarsa meeshaalee qulqullinaa gochuusaa himaniiru.

Jilli Afyaa’ii Ittaantuu Caffichaa, Aadde Maahbuubaa Adamiin durfamus Godina Arsii Lixaa, Magaalaa Bishaan Gurraachaatti argamuun harka qal’eeyyiif deeggarsa meeshaalee qulqullinaa, midhaan nyaataafi zayitii taasisuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Caffeen Oromiyaa duula dhibee kana to’achuuf taasifamu kamuu keessatti miseensotasaa wajjin qoodasaa kan bahatu ta’uus Aadde Loomiin ni dubbatu.

Filannoon biyyaalessaa Marsaa 6fan Hagayya 23 bara 2012 gaggeeffamuuf karoorfamee tures sababa weerara vaayirasii

koronaatiin dabarfamuun sirrii tarkaanfii sirrii ta’uu addeessaniiru.

Ittaansuun, dhimmoota raawwatamuu qaban ilaalchisee mootummaan yaadota furmaataa qorannoorratti hundaa’an afur dhiyeesse hiikkaa heeraarratti qaama dhimmi ilaallatuun xiyyeeffannaan irratti hojjetamaa jiras jedhaniiru.

Mootummaan gaaga’ama lubbuu lammiileefi dinagdee biyyaa akkasumas, rakkoo hawaasummaa mudachuu malu dursee hubachuun qophii ittisaa bal’aa taasisaa kan tureefi ammallee taasisaa kan jiru ta’uus ni ibsu.

Ofeegannoo ummanni taasisuu qabuun walqabatee Aadde Loomiin akka ibsanitti, ummanni keenya hammeenya dhibee kanaafi miidhaa geessisuu malu hubatee dhibee kanarraa ofeeguurratti hanqinni bal’aan hawaasa bira kan jiru ta’uu taajjabbii qabanis ni ibsu.

Kanaaf ummanni keenya dhibeen kun kan ji’oota muraasaan dura biyyoota Eshiyaafi Awurooppaa keessatti ilaalaa turre har’a biyya keenya seenuunsaa hunduu kan argaa jiru yommuu ta’u, boru immoo balbala hunda keenyaa seenuu waan danda’uuf dagannaa tokko malee ofeeggannoo guddaa taasisuun sochii mootummaan dhibee kana ittisuuf taasisu keessattis gahee irraa eegamu bahachuu akka qabu hubachiisu.

Kanaaf, qajeelfama mootummaan yeroo yeroon baasuufi gorsa ogeessota fayyaa irraa kennamu nuffiifi dagannaa tokko malee hojiirra yoo oolchine balaa vaayirasiin koronaa qaqqabsiisuu malu to’achuun kan danda’amu ta’uu mirkaneessaa, ijaarsa sirna dimokraasii gara badhaadhinaatti taasifamu dhugoomsuuf jalqabne keessatti hunduu hirmaachuun qooda isaaf malu taasisuu akka qabu dhaamaniiru.

Dhumarrattis hawaasa Musliimaa maraan baga Iid Alfaxir 1441fan isin gahe jechuun hawwii qaban ibsaniiru.

Kanarra aanuuf biyyoota dhibantaashii wajjin hojiilee dippilomaasii daran cimsuu akka qabdu gaafdeebii Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa wajjin taasisaniin beeksisan.Guutiinsa bishaanii eegaluuf karoorfachuun Itoophiyaa Misir daran maraacheera kan jedhan Birgaadeer Jeneraal Kaasaayeen, humnoonni biyya keessaa tokko tokkos faayidaa biyyaarratti orma wajjin hiriiruunsaaniis daran balaaleffataniiru.Bishaan laga Abbayyaa keessaa harki 85 dolol’oowwan lageen Itoophiyaa ta’uus eeranii, lagichi waggaatti bishaan meetirik kiyuubii biliyoona 55 oliifi biyyoo gabbataa toonii biliyoona afur haree gara Misir akka geessu ibsaniiru. Qonnaan bultoonni biyyoota 12 sulula Abbayyaa keessatti argaman hundi lagicharraa otoo walqixa fayyadamuu qabanii Misir qofagaleessummaan fayyadamaa turuunshii herreguma kamiinuu

“Mootummaan dhimma...sirrii akka hinturres beeksisaniiru.“Misir Abbayyaa malee akka hinjiraanne ummanni Itoophiyaas ta’e mootummaan sirriitti beeku. Adeemsi seera uumamaa ittiin daangessinus hinjiru. Garuu nuti Abbayyaa ibsaafi hojiilee misoomaa tokko tokkoof ni fayyadamna jechuun Misir kan aarsuufi miidhu miti” jechuunis ibsan, Birgaadeer Jeneraal Kaasaayeen. Misir dhaabbilee siyaasaa mormitoota, matayyoota aktivistoota ofiin jedhaniifi baandaawwan garaasaaniif bulaniif maallaqa guddaa kennuun nageenya biyya keessaa booressuuf yaalaa turteettis jedhan.Ammaan tana yaada, “Itoophiyaan tasgabbii keessa hinjirtu” jedhuun waa’een guutiinsa bishaanii waliigalteedhaan xumurame kaastee biyya keenyarratti roorrisuunshiin sirri akka hintaane dubbataniiru.Misir gama waraana lafootiinis ta’e qilleensaatiin dadhabduudha, onnee qabaataniis lafa Itoophiyaarratti waraana

hinbanan, mormitoota nageenyashii booressanillee to’achuu hindandeenyeedha, isaan kan jiran gammoojjii keessa. Nuti ammoo tulluu keessa. Isaan dhiisii Xaaliyaaniin summii sana hunda qabattee dhuftee nu hindandeenye jedhan Birgaadeer Jeneraal Kaasaayeen,Waraanni bakka bu’ummaa (proxy war) akka hinuumamneef mootummaan Itoophiyaa namoota dippilomaasiirratti ga’umsa guddaa qaban bobbaasee hariiroo dippiloomaasiirratti xiyyeeffannaa olaanaadhaan hojjetanii dhiibbaa uumuun barbaachisaadha jedhan.Gamtaa Afrikaattis fayyadamuun murteessaa ta’uus eeranii, hariiroo dhibantoota keenya kanneen akka Chaayinaafi Raashiyaa wajjin qabnu daran jabeeffachuu qabna jedhan. Biyyoota kanneenittis ta’e Gamtaa Awuroppaattis duulli dippiloomaasii taasifamu qaba jedhaniiru.Waan Misir gochaa jirtu ummatatti himanii

akka of qopheessuu gochuun adeemsa sirrii ta’uu eeranii, baandota biyya keessatti asiifi achi lo’an ummanni dabarsee akka kennuuf kanarrattis hojii dadammaqsaa laachuun barbaachisaadha jedhan. Eegumsa daangaa gama hundaan sirriitti cimsaa, laga Abbayyaa qofa otoo hintaane iddoowwan tarsiimawoos ilaalcha keessa galchanii eeguun murteessaa ta’uu himaniiru. Dhimma faayidaa biyyaarratti dhufe kanarratti mootummaas ta’e ummanni ejjennoo cimaafi walfakkaatu qabaachuu qabus jedhan Birgaadeer Jeneraala Kaasaayeen. Baandota maallaqaan bitamanii faayidaa biyyaarratti Misir wajjin olii gadi jechaa jiran kamiifuu araarri hinbarbaachisu jedhanii, qaamonni dhiifama taasifameefis carraa kennameefitti fayyadamuu akka qaban gorsaniiru.

Page 4: MijuuAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et lakkoofsa bilbilaa 011-1-264208

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 15 Bara 2012 4

Bariisaan Guraandhala bara 1969 hundaa’e.

Torbanitti al tokko, guyyaa Jimaataa,Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiin

maxxanfamaa ture. Waxabajjii 1,2011 irraa eegalee Sanbata maxxanfamaa jira.

Gulaalaan Charinnat Hundeessaa

Lak.Bilbilaa [email protected]

Teessoon:Kutaa Magaalaa Nifas Silki Laaftoo, Aanaa 12

Qopheessitootni:Saamraawit GirmaaNatsaannat TaaddasaaTashoomaa QadiidaaTakkaalliny GabayyooBayyanaa IbraahimWaasihuun Takilee

Ethiopian Press Agency/Bariisaa

Ijoo Dubbii

Adeemsisaa Hojii Bil. 011-126-42-22Kutaa Beeksisaa:

Bil. 011-156-98-65Raabsa Gaazexaa Bil.011-157-02-70

Faaksii Kutaa Qophii 251-011-1-5698-62

L.S.P [email protected]

Dhaamsa Bariisaa

GumaachitoonniHamiltan Abdulaaziiz Dachaasaa Roorroo Alamaayyoo Hayilee Zarihun GabreeDr. Gurmeessaa Hinkoosaa

Afoolli dubbii mi’eessa, dubbii fida, dubbiis fixa ykn guduunfa waan jedhamuufan afoolaan jalqabee na oofkalchaa. Dur dur bara heerri guutummaatti barreeffamaan hinturretti namoonni mala aadaatiin walbulchaafi dubbii walii waliisaanii xumuraa turan. Adeemsa mala aadaatiin walbulchuufi dubbii xumuruu keessatti shoorri jaarsolii biyyaafi abbootii Gadaa olaanaadha.Yoo dhimmichi cimaa ta’e ammoo duudhaalee gara garaa kannneen akka kakaatiin hiika argachaa ture. Bara sana keessa namoonni lubbuu baasan kakaadhaan ykn ammoo ragaa isaan irratti bahameen adabamaa turan. Yakkamaanis jaarsa biyyaatiin yoo araaramuu baate gara mana seeraa akka deemu taasifamaa ture. Seera ittiin bulmaata aadaa keessatti keeyyatoonni yakkamtoota ittiin adaban sirnaan barreeffamaanii waan hinjirreef yakkamtoota tokko tokko adabuurratti hanqina qabaachuu mala. Kanarraa kan ka’e bara durii keessa barmaata yaraa tokkotu ture. Innis namni lubbuu baase ykn ajjeese dhaddachatti dhiyaatee wayita falmu gocha /yakka raawwate amanuudhaan seexanatu nadogoggorse yoo jedhe bilisa ba’a ture jedhama.Yeroo sana keeyyatni yakkaa, seexanni ittiin adabamu waan hinjirreef jaallatee osoo hintaane seexanatu isa dogoggorse maqaa jedhuun bilisa bahaa waan turameef lubbuu baasuun akka yakka salphaatti ilaalamaa ture..Jijjiirama baraafi sirnoota gara garaa booda yakkoonni keeyyata adabbiitiin hinhammatamne guutamaa, hiikamaa, fooyya’aa dhufaniiru. Kun akka ta’u kan taasise ammoo haala yeroo lammiileefi addunyaan keessa jirtuudha. Jiraachuun heeraa kun namoonni bishaan qal’ate jedhanii daangaa akka walitti hindabarre, walkabajanii akka jiraatan, hariiroon waloosaanii akka hinboorofne, rakkoon yoo mudates ija madaala seeraan akka hiikkataniif furmaata ta’eera.

Heerri hiikamuuf jiru hiika qabaachuu qaba

Iid Alfaxir maaddii qooddachaafi of eeggachaa

Kuni ta’us rakkoo haala yeroo waliin mudatuun walqabatee heeronni tokko tokko hiikaa kan barbaadan yoo ta’u, keessumattuu yeroo dhukkubootni daddarboofi balaan uumamaa mudatan kan hiikaman ta’u. Har’as weerara vaayirasii koronaatiin walqabatee filannoon biyyaalessaa marsaa ja’affaan dheerachuuf walqabatee heera hiikuurratti beektotaafi hayyoota seeraa waliin marii bal’aan adeemsifamaa jira. Adeemsa heera hiikuuf taasifamaa jiru kanarratti ilaalcha lamatu calaqqisaa jira. Inni tokko ajandaa siyaasa dhokataa mootummaan umrii aangoosaa dheereffachuuf taasisuudha kan jedhuudha. Inni lammaffaan ammoo heerichi hiikamuu hinqabu, filannoon yeroosaa eeggatee gaggeeffamuu qaba jechuun karaa qaxxaamuraatiin aangoo qabachuuf siyaasa dhokataa adeemsisuudha.Kan ta’es ta’us weerara vaayirasii koronaatiin walqabatee haalli biyyi keenyas ta’e addunyaan keessa jirtu daran yaaddessaadha. Weerara vaayirasichaarraa lammiilee baraaruuf adeemsi heera hiikuufi filannoo dheeressuuf taasifamaa jiru dirqama fakkaata.Dhimma kanaan walqabatee mootummaan biyya bulchaa jiruufi paartiileen morkattootaa hedduun darbuu filannoorratti kan walii galan yoo ta’u, kan mormanis jiru. Warreen ejjennoo filannoon darbuu hinqabu, vaayirasichaaf of eeggannoo taasisaa filannoo gaggeessina jedhanis mootummaan ummataan filatame akka jiraatuufi olaantummaan seeraa akka kabajamu gaafachaa jiru.Yaadichi sirrii ta’us haala yeroo Itoophiyaan keessa jirtu kanaan filannoo gaggeessuuf yaaluun hawaasa hinjirrerratti muudamuuf yaaduudha.Yoo hawaasni vaayirasii kanaan du’ee dhume eenyu hoogganuuf filatamu laata? Ejjennoon gama kanaan jiru faaydaa lammiilee giddugaleessa kan taasifate miti. Fedhii dhuunfaa guuttachuuf jecha filannoo gaggeessuuf yaaluun gu’aa elmachuuf yaaluudha. Rakkoo gama kanaan mudate jalaa lammiilee

baraaruuf filannoo dheeressuun akkuma jirutti ta’us hiikaa heeraa kennamuuf jirurratti hojiin hojjetamu hiika qabeessaafi kan lammiileen irratti waliigalan ta’uu qaba. Kana malees kan heera hinfaalleessine, sirna federaalizmii sabdaneessaa waliinis kan wal hindhiinne ta’uu qaba. Paartiileen morkattootaa hedduun yeroon filannoo dheerachuutti kan waliigalan ta’us, hiikaa heeraaf kennamuuf jirurratti shakkiin akka jiru kaasaa jiru. Surreen ykn kofoon ofitti safaranii hodhatan isa kaaniif gabaabachuu, dheerachuu, dhiphachuu ykn bal’achuu waan danda’uuf haala qaama keenyaatiin osoo hintaane hojjaa hundumaa keessummeessuu kan qabu ta’uu mala. Hiikaan seeraa kun fedhiifi hawwii paartii tokkoo qofa giddugaleeffatee kan deemu yoo ta’e, waljifannaa fiduun rakkoo nageenyaa qaqqabsiisuu mala.Hiikaan heeraa kana ilaalchisuun qaamoleen lammiilee biyyattii weerara vaayirasicharraa baraaruuf socho’an akkuma jiran kanneen hiikaa heeraa iftoomina hinqabneen ergaa siyaasaa dhokataa milkeeffachuuf socho’an kan jiran ta’uunis dagatamuu hinqabu. Hunduu itti fakkeessee dhadhaa of fakkeessee summii waldibuu waan danda’uuf safeeffachaa, dhaggeeffachaa tarkaanfachuun barbaachisaadha. Dhukkubni jaalalaa yoo nama qabu fakkeessanii, cigoon ergaa ofii dabarsaa dhimma bahatu. Hiikaan heeraa kunis akkasuma ta’uu waan danda’uuf ija ogummaatiin ilaaluun gaariidha.Walumaagalatti, hiikaan heeraa kennamu akkuma bara durii lubbuu baasanii dhaddacha duratti dhiyaatanii seexanatu na dogoggorse jedhanii bilisa bahan ta’ee akka hinargamneef yaadaafi ilaacha madaalawaa sirna federaalizmii sabdaneessa giddugaleessa taasifachuun hayyootaa seeraatiin madaalameefi qeeqamee hojiirra oolu qaba jedha. Dubbistoonni dhimma kanarratti yaada dabalataa ykn addaa qabdan asumarratti gumaachuurraa duubatti hinjedhiinaa.

Waasihun Takileetiin

Jiini Ramadaanaa hawaasa Musliimaa biratti kabaja guddaa qabu barana yeroo vaayirasiin koronaa addunyaa raasaa jirutti dhufee kan darbe.

Ulaagaalee guguddoo shanan amantichi irratti bu'uureffame keessaa soomanni baatii Ramadaanaa isa tokkoofi ijoodha. Waaqaaf jettee nyaataafi dhugaatii, daba, hamii, waan hamaa hunda dhiiftee Rabbiif abboomamuu jechuudha.

Seenaa sooma amantichaa keessatti rakkoon akka baranaa isa qunnamee hinbeeku. Yeroo duraatiif sagadni torbeetti gamtaadhaan (jama'aadhaan) gaafa Jimaataa gaggeeffamus barana sababa vaayirasii koronaatiin hafeera.

Iddoon Qulqulluun Muslimonni guutuu addunyaa biiliyoona lamatti siqan walga’anii sagadan kan Saa’udii, Makkaatti argamus cufameera. Iddoon kun bakka Hajjiin ittigaggeeffamuudha. Sunis seenaa guddina amantii Islaamaa waggoota 1441 kana keessatti sababa koronaatiin hafuusaa kan labse mootummaa Saa’udii iddicha bulchuudha.

Hordoftoonni amantichaa baatii saglaffaa Ramadaanaa kana ija addaatiin ilaalu; hawwiidhaanis eegu. Dhugeeffannoon jiru baatiin kun baatii araaramaati, baatii hariiroon dhalli namaa Waaqasaa wajjin qabu itti haaromfamuudha. Baatii sheexaanni ittihidhamee tola ooltummaan itti dagaagu. Namni sagadee hinbeeknellee baatii itti gara masjiidaa

imalu ture.

Yeroo itti gamtaadhaan waaqeffatamee, gamtaadhaan araara Waaqaa itti kadhatamu. Barana garuu sababa vaayirasii koronaatiin sun hundi ji’a qulqulluu ramadaanaa kana keessa hinraawwatamne.

Maalumaafuu aadaan jireenya keenyaa iddoo kaleessaarraa sosso’eera. Akkamittiin akka suphamuu danda'u Waaqa qofatu beeka. Dhugaadha amantiin hariiroo dhuunfaadhaan abbichi

Waaqasaa faana qabaatuudha.

Aadaan Oromoo mataansaa duudhaa amantiilee guguddoon lameen kunneen lallaban karaa guutuu ta’een kan of keessatti hammateedha. Otoo aadaafi safuu ganamaa sana eegganneerra ta'ee mankaraarsa hammanaatiif hinsaaxilamnu ture.

Sanas ta’e kana hawaasni Musliimaa akka lakkaawwii waggaa Hijiraatti ayyaana Iid Alfaxir barana yeroo 1441faf kabajamu sababeffachuun tokkummaa biyyaalessaasaa cimsaa, vaayirasii koronaa addunyaa raasaa jirurraa of eegaa, akkuma barame harka qal’eeyyiif maddii qoodaa dabarsuu qaba.

Akkuma abbootiin amantichaa gorsan, hawaasni Musliimaa waliiwaliisaanii gidduuttis ta’e hordoftoota amantii biraa qaban waliin nageenya buusanii jiraachuuf dirqamasaanii bahachuu qabu. Hundarra ammoo qoqqoodinsiifi jibbiinsi biyyattiittiidhaa badee walii yaaduun, gaarummaafi jaalalli akka babal’atuuf gumaacha irraa eegamu bahachuu qaba.

“Baga soomtanii hiiktan, baga dhaabbattan, baga sadaqaa godhattan” jechaa lammiileen qajeelfamoota mootummaafi ogeessota fayyaatiin kennaman sirnaan hojiirra oolchuu qabu.

Page 5: MijuuAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et lakkoofsa bilbilaa 011-1-264208

MijuuBARIISAA SANBATAA Caamsaa 8 Bara 2012

fuul

a 8

fuul

a 6

- Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa

“Ramadaana baranaa otoo dhufuusaa hinargiin

lufuusaa argine”

Iid al-faxirii bara dhibee koronaa; of eeggannoon dirqamaa

Miidhaa bineensota summaa’oo

fuula 10

fuula 12

Duulichi kan ajajaa waraanaa qofa miti

Page 6: MijuuAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et lakkoofsa bilbilaa 011-1-264208

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 15 Bara 2012 6

AADAAFI AARTII

Bayyanaa Ibraahimiin

Bara darbe yeroo kanatti biyyi akkana hin turre. Addunyaanis akkana hinjirtu, hunduu nagaan bahee gala ture. Jiruufi jireenyi idilees haaluma baratameen raawwatamaa kan tureedha.

Inni siyaasaa siyaasasaa gaggeeffataa, daldalaanis hojiisaa irratti cichee, barsiisaan barsiisee, barataanis baratee hunduu akka ga’eesaatti hanga dandeettiisaatti dirqama jiruu bahachuudhaaf olii gadii kata ture. Ayyaanootni guguddoon akka addunyaatti bifa ho’aadhaan kabajamaa turan, hunduu humna qabuun akka danda’utti kabajataa ture.

Har’a garuu, walitti ba’anii ayyaanota guguddoo akkasii kabajachuun hafee, miseensi maatii iddoo garaa garaa jiraatus walitti dhufee waliin kabajuudhaaf yeroo rakkachaa jiru keessatti argamna.

Addunyaan ayyaana kabajuufi walitti dhifeenya hawaasummaa hunda lagattee bakkuma jirtutti ulaa cufattee taa’uufis yerootti dirqamte keessa jirra.

Taateewwan hawaasummaa ji’oota shanan darban dura turan har’a raawwachuun ulfaatee akka seenaatti haasa’uufis dirqamame. Garaagarummaan sadarkaa guddina biyyootaa madaala kaasuu dadhabuudhaan hunduu waan tasa addunyaa mudate kanaaf harka kennatee hanga guyyaan cinqii tun dabartutti ulaa cufate.

Kan taateewwan hawaasummaafi siyaasaa ji’oottan shanan darban dura akka biyyaattis ta’e addunyaa guutuu irra turan akka seenaatti haasa’uudhaaf dirqamsiise, inni ayyaanota amantaa bifa ho’aa ta’een kabajamaa turan har’atti abjuu taasise, walitti dhufeenya hawaasaa daangeesseefi addunyaa harkashee waaqatti ol qabachiise immoo weerara dhibee Koronaati.

Yeroo gabaabaa keessatti haalota tanaan dura addunyaarratti baratamoo ta’an kan jijjiire weerarri hamaan kun, akka biyya keenyaattis ta’e addunyaatti bifa ho’aa ta’een kan kabajamu ture. Ayyaana du’aa ka’uu Yesuus kiristoos inni baranaa bifa kamiin kabajamee akka darbe haala amma biyyi sababa koronaatiin keessa jirtu sirriitti kan agarsiisu ture. Addunyaan kiristaanaa haala kanaan ayyaana ulfaataa sana sodaafi haala kanaan dura hinbaramneen kabajee dabarse.

Haalli kun osoo hin geddaramne immoo torbaanuma ayyaana du’aa ka’uu Yesus Kiristoositti immoo addunyaan musliima ji’a ulfaataa waggaa waggatti hawwii guddaan eeggamutti galan.

Jiini kunis; ji’a raahmataa, kan Qur’aanni rabbi karaa ergamtootasaatiin gara lafaatti itti ergame, kan balballi Azaabaa itti cufameefi balballi Jannataa qofti itti banamu, ji’a ulfaataa, ji’a qabaataadha.

Harkaanota Islaamummaa ykn ulaagaalee amantichi akka dirqamaatti hordoftootasaarratti kaa’e keessaa isa tokko kan ta’es ji’a eebbifamaafi toltuun namni dalagu itti namaaf baay’attu, hamtuun immoo namarraa itti hir’attu ji’a kadhachuufi gammachuuti.

Iid al-faxirii bara dhibee koronaa; of eeggannoon dirqamaa

Ji’a dhalli musliimaa umriinsaa waggaa 15 ol ta’e hundarratti waajibaa( dirqamaa) ykn immoo sababoota garagaraatiin keessattuu dubartoota harma hoosisan, marsaan xurii laguu irra jiruufi nama dhukkubsatee siree irra jiru irraa kan hafe hundarratti soomana dirqama taasise ji’a ulfinaaf kadhannaa, kan Ramadaanaati.

Jiini Ramadaanaa kun hordoftoota amantichaa biratti ji’oota waggaa keessa jiran keessaa ishee filamtuufi hordoftootni amantichaa hundi qalbiifi onneesaanii hunda waa hundarraa ajjabanii gara waaqaa qofatti fuula gara galfataniidha. Hordoftoota amantichaa hunda qabaataafi dhabaataa ta’uusaa adda baasuun kan itti nama rakkisu, hunduu qixa soomaan garaa qullaa oolee galgala kan itti wal qixxaa’u, ji’a hunduu sooreessaa, ji’a wal qixxeessaadha.

Duudhaalee jiini Ramadaanaa qabu keessaa inni tokkoofi guddaan kan wal gargaarsaafi wal bira dhaabbachuuti. Namni manaafi maatii hinqabne, qe’eefi re’ees hinqabne ji’a kana keessatti ni sooma taanaan waan ittiin soomana lulluuqatus ta’ee bakka itti lulluuqatu ykn soomana furu dhabaaf hinyaadu; hin rakkatus. Nama soomanaan oole namni galgala soomana lulluuqachiise ykn nyaachisee hiiksise akka waan ofii isaatii soomana sana soomeetti ajrii rabbiin biraa argata jedhameet amanama.

Nama soomanaan oole namni sooma hiiksise ajrii nama soomanaan oolee sanaan walqixa argata jechuun garuu, isa nama soomanaan oolee irraa wanti hir’isu hinjiraatu. Kana waan ta’eefis ji’a soomanaatti nama afaanii sooma qabu kamiyyuu nyaachisuudhaaf namni irratti walsaamuun duudhaalee ji’a rahmaataafi eebbifamaa kanaa keessaa isa guddicha jechuudha. Namni harka qalleessa ta’e kamiyyuu soomana qabachuudhaaf sababa hiyyummaafi harka qalummaa kamiyyuu dhiheeffachuu hindanda’u. yoo qalbiisaa dadhabe malee jechuudha.

Haala amma keessa jirru ykn weerara dhibee yeroo ammaa akka biyyaafi addunyaattis ummata sodaa keessa galchaa jiruun walqabatee garuu aadaa walgargaarsaafi wal nyaachisuu kanarratti dhiibbaa uumuu akka danda’u immoo ni hubatama.

Akka durii walitti baay’atanii bakka tokkotti soomana furuun, masjiidatti walga’anii salaata taraawii salaatuuniifi kanneen biroo irratti sababuma dhibee kanaatiin uggurri fedhiifi dirqamaa jira. Kunis ta’ee garuu, haalotuma ulfaatoo ta’an kanneen keessattis aadaan hiyyeessa nyaachisuufi dhabaataa gargaaruu kun maloota garagaraatiin itti fufsiisuun dirqama amantichaati. Namni dur hiyyeessa soomana afaanii qabu daandii irraa qabee iddoo tokkotti nyaachisu sun, haala amma keessa jirru hubannoo keessa galchuudhaan walirraa fageesseefi of eeggannoo malu taasisee gargaarsasaa ittuma fufuutu irraa eeggama.

Islaamummaan immoo tan gaafa makkootti walgargaaraniifii nyaachisaanii gaafa rakkootti walirraa itti dheessan osoo hintaane, dirqama haala kamittuu keessatti obboleessa ofii gargaaruu ta’uunshee eenyuyyuu jalaa waan dhokatte hin fakkaattu. Jiini Ramadaanaa baranaa seenaa keessatti waqtii gadhee keessatti kan soomamu ta’uusaatiin wantoota silaa raawwachuu qaban hedduu akka hinraawwanneef hordoftoota amantii dirqamsiiseera.

Miidhaaginaafi duudhaa ji’a Ramadaanaa keessaa isa guddaa kan ta’e walitti baay’atanii nyaachuuniifi waliin salaatuunis dhibeera. Kan dhibee kana waqtii kanatti fides rabbuma, ramadaana ji’a kanatti kan fides rabbuma waan ta’eef, yerouma ulfaataa kana keessattis taanaan duudhaalee wal gargaarsaa ture sana bifa of eeggannoo qabuun ammas ittuma fufee akka jiru ni mul’ata.

Egaa, jiini Ramadaanaa inni baranaa

wantoota hedduun isa kanaan dura baratame irraa akkuma adda ture, guyyaan Iidal ada’aa ykn sooma hiikkaa baranaas haala kanaan dura tureen akka hin raawwatamne tilmaamuun nama hinrakkisu.

Soomana Ramadaanaa soomuudhaafis ta’e guyyaa ayyaana sooma hiikkaa ykn Iidal ada’aatiif haala duree kaa’uu osoo hintaane, haala kamuu keessatti dirqama jiini kun qabu guutuun dirqama hordoftoota amantichaa hundaati. Kana jechuun immoo salaatni guyyaa iidaa, zakaafi fitriin akkuma kanaan duraa ni raawwatamu jechuudha.

Salaatni iidaa kun garuu salaatamuun dirqama ta’us, akka duriitti bakka tokkotti istaadiyeemii keessatti walitti baay’atanii salaatuu san garuu haalli amma keessa jirru kan eeyyamu miti. Karaa televizhiniitiin namni hundi mana manasaatti imaama hordofee akka salaatu gochuun(akkuma guyyaa Juma’aa taasifamaa turetti) ykn immoo malli haaraa osoo walitti hinbaay’atiin salaatamuu itti danda’amu irratti ulama’ootaafi Mana Maree Dhimmoota Islaamummaatiin kennamuutu isarraa eeggama jechuudha.

Guyyaan soomanni itti hiikkamu kun salaata iidaa irraa eegalee hanga sagantaa nyaataafi dhugaatii iidaan boodatti akka dur baratame sanatti adeemsifamuu akka hindandeenye garuu diinni addunyaa inni har’aa Koronaan eeyyama kennuu hindanda’u.

Walumaagalatti, soomana bara dhufuu bifa ho’aa ta’eefi kanaan dura kabajamaa turetti deebi’ee kabajuu namni danda’u, isa har’a haala hamaa kana keessatti of eeggannoo yeroon keessa jirru gaafatu gochuudhaan isa baranaa bira darbe qofa ta’uusaa baruun barbaachisaadha. Duudhaalee guyyaan ulfaatan iidaa kun gaafatu hunda bifa of eeggannoo qabuun raawwachaa, nama soomana bara egeree ga’uuuf immoo waaqa kadhachaa iida baranaa dabarsuunis murteessaa ta’a.

Page 7: MijuuAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et lakkoofsa bilbilaa 011-1-264208

QARREEFI QEERROOBARIISAA SANBATAA Caamsaa 15 Bara 2012 7

Natsaannat Taaddasaatiin

Injinar Mulugeetaa Tagany Gammadaa Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Limmuutti dhaladhee guddadhe. Barumsasaa kutaa 1fa hanga 8fatti mana barumsaa Limmuu sadarkaa tokkoffaatti barate. Kutaa 9fafi 10fa mana barumsaa Diboora Viizhinarii Akkaadaamii Naqamteetti argamutti hordofe. Kutaa 11fa 12fi ammoo Mana Barumsaa Qophaa’inaa Naqamteetti baratee xumure.

Qormaata biyyaalessaa kutaa 12fatti qabxii gaarii galmeessisuun Yunivarsitii Jimmaa seenees bara 2005 hanga 2009tti baratee digriisaa jalqabaa ‘Electrical and Computer Engineering’n gabxii olaanaadhaan eebbifame. Gaafdeebiin Gaazexaan Bariisaa dargaggoo hayyuu kana wajjin taasise akka kanaan gadiitti qindaa’ee dhiyaateera.

Barattoota digrii tokkoffaa isa waliin eebbifaman keessaa pirojektii gaarii kan hojjetan carraa barnoota digirii lammaffaa (MA) akka argatan ta’e.

Pirojektota hojjetaman keessaa kan koo gaarii waan tureef carraa barumsa digrii lammaffaa argadheen barumsa koo ittifufe. Pirojektiin ani dhiyeesses ‘Electronics notes board’ jedhama. Pirojektiin kun beeksisa waraqaadhaan girgiddaa, mukaafi boordiirratti maxxanfamu hanbisuudhaan karaa elektironiksii namni bakka kamuu jiru argatee akka dubbisu taasisuudha jedha.

Pirojektichi barsiisaan ykn muummeen yunivarsitichaa odeeffannoo dabarsuu barbaadu waraqaa malee karaa elektironiksii ykn bilbila harkaatiin barattootasaa bakka kamuu jiraniif odeeffannoo dabarsuuf kan gargaaruudha.

Bakka neetworkiin hinjirettis ‘Buethooth’dhaan ergaa barreeffamaa barattootasaatiif erguu kan dandeessisuudha. Pirojektichi qisaasama humna namaa, yeroofi qarshii bittaa waraqaatiif ba’u hir’isuurra darbee faalama naannawaa waraqaa beeksaaatiin qaqqabu hir’isuufis kan gargaaru ta’uu hima.

Barumsa koo digirii lammaffaa ji’oota sadan jalqabaa of danda’een barachaa ture. Isa booda warri pirojektii dhiyeessan akka mindeffaman waan jedhameef dorgommiin ba’e. Anis dorgommicha darbeen waggoota lamaan darbaniif yunivarsitii Jimmaatti mindeffameen barsiisaa baradhe.

Barsiisaa barachuun xiqqoo ni ulfaata. Yeroon ganama baradhu waaree booda barsiisaa, yeroon ganama barsiisu ammoo waree booda barachaan ture. Barsiisaa barachuun na ko’eessus cimee hojjechuun barumsa koo digrii lammaffaa “Electronics Communication Engineering”n xumureera jedha.

Tarkaanfiiwwan weerara vaayirasii koronaa addunyaa raasaa jiru ittisuuf fudhataman keessaa tokko ammoo barattoonni gara maatiisaaniitti akka deebi’an taasisuudha. Dhiibbaan weerarichi barnootarraan gahaa jiru daran guddaadha.

Keessumaa biyyi keenya rakkoo gama kanaan qaqqabaa jiruuf daran saaxilamtuudha. Barnootni biyya keenyaas

Kaayyoon haala rakkisaa keessattis ni milkaa’a yeroo akkanaatiif yaadamee kan qophaa’e miti. Yunivarsitiiwwan yeroo ammaa barattoonni barumsa irraa akka hinfagaanneef ‘Handout’ qopheessanii karaa weebsaayitiifi telegraamii barattootaaf ergaa jiru.

Anis barattoota kootiif ‘Handout’fi ‘Worksheet’ adda addaa qopheesseen ergaafii jira. Haala kanaan barattoota gargaaruun akka barumsa kutaa keessatti kennamuu ta’uu baatus yaadnisaanii barnootarraa akka hinfagaanneef ni fayyada.

Anis sababuma kanaan waraqaa qorannoo koo karaa ‘online’ hojjedhee dhiyeesseera. Waraqaa qorannoo koo ofii kootii biiroo taa’ee wayitan dhiyeessetti barsiisaan na qore, gorsaafi obboleessi koo, Doktar Wandimmuu Taganyi Finfinnee taa’anii kallattiidhaan na hordofaa turan. Teknolojii kana fayyadamuun hojii koofi barumsa koo waliin waan deemuuf karaa ‘Online’ waraqaa qorannoo dhiyeessuun natti hinulfaanne.

Ani digrii koo lammaffaa ‘Electrical Engineering’ n waanan xumureefi hojiin koos ‘Cisco Networking, Advanced Computer Internet Networking, Computer Maintenance Troubleshooting’ waliin waan walqabatuuf waraqaa qorannoo koo haala kanaan dhiyeessuun anaaf salphaa ta’uu danda’a. Barattoota hundaaf garuu mijachuu dhiisuu danda’a. Keessumaa barattoota ittifayyadama ‘Computer Internet Networking’ hinbarannetti ulfaachuu danda’a.

Teknolojiin akka yeroo qaamaan dhiyaatanii qorannoo ofii dhiyeessuu hinta’u kan jedhu Injinar Mulugeetaan, barsiisaa qoru hubachiisuurrattis ta’e qabxii barataarratti dhiibbaa uumuu danda’a. Yeroon waraqaa qorannoo koo dhiyeessetti rakkoon qulqullina networkii na mudachaa ture. Ta’us teknolojicha shaakalaa deemuun gaariidha.

Waraqaan qorannoo koo ‘5G Wireless Communication System Technology’ irratti xiyyeeffata. Teknolojiin kun yeroo ammaa biyyoota guddatan qofa keessatti hojiirra ooleera. Biyyi keenya ‘4G Wireless Communication System Technology’ fayyadamaa jirti.

Anis anteenota ‘5G’ baay’ee xixiqqoo ta’an garuu ammoo faayidaa kennaniin baay’ee cimoo ta’an irrattan qorannoo koo geggeesse. Qorannoon koos anteenota nuti fayyadamaa turre gara teknolojii ‘5G’tti fiduuf ykn guddisuuf rakkoolee hiikuuf kan gargaaruufi ulaagaalee barbaachisan guutee fudhatamummaa argateera jedha.

Humni anteenaa nuti kanaan dura fayyadamaa turree xiqqaadha. Qorannoon koos humna kana kan guddisuudha. Anteenotni ‘5G’ keessatti fayyadamnu hangaan daran xiqqaafi miilii meetira 10 gadi.

Teknolojii durii keessatti garuu anteenaan tokko saantimeetira 50 ta’a. Yeroo teknolojiin guddachaa deemu meeshaan hangaan daran xiqqaachaa humnisaa

guddachaa deema. Qorannoon koos kanumarratti kan xiyyeeffateedha.

Ani barattoota digrii tokkoffaa waggaa shanaffaa barsiiseera, ammas barsiisaan jira. Gorsaa ta’ees gargaareera. Ani Faakaaltiin keessa hojjedhutti gorsaa pirojektota gaggaarii bocuun beekamtii argadheera.

Yeroo ammaa yunivarsitoonni karaa interneetii barattoota wajjin walarguuf haala mijeessaa jiru. Sababan faasilitii guutuu qabuuf namni hundi akkuma kooti jedhee amanuun sirrii miti. Akkuma beekamu barataan sadarkaa dinagdee adda addaarratti waan argamuuf kun yaada keessa galuu qaba.

Barattoonni harki caalu keessumaa kan baadiyyaa ‘Handout’ fi ‘Worksheet’ ergamaniif interneetiirraa buufatanii ittifayyadamuurratti ni rakkatu.

Kanaaf barattootni karaa lakkoofsa bilbila mobaayiliisaanii tajaajila intarneetii bilisaan akka argataniif haalli mijaa’uufii qaba.

Kanaa achi haala amma jiruun barattoota %20 qofa barsiisuu ykn eebbisiisuu ta’a. Barattootni biyyattii harki caalaan carraa intarneetii akka fedhan fayyadamuu hinqaban. Rakkoo kanaan keessumaa kan miidhamu barattoota maatiinsaanii harka qal’eeyyii waan ta’eef ittiyaadamuu qaba. Hanqinniif addaan ciccituun humna ibsaas danqaa biraa kanuma keessatti eeramuudha. Kanaafis tajaajiloonni akka ‘paawer baankiin’faa otoo dhiyaatee gaariidha.

Barattoonni barana eebbifaman pirojektiisaanii hojjechaa waan dhufu akka eeggatanan gorsa. Saxaxa (piropoozaalii) isaan hojjetan fudhatamummaa qabaannaan gaariidha. Ta’uu baatus waan muuxannoo waanuma harkaa qaban hojjechuu qabu.

Weerarri vaayirasichaa rakkoo qofa utuu hintaane karaa biraa carraas waan fideef barattoonni kanatti fayyadamanii waan harkaa qaban sirnaan dubbisuu qabu.

Ani waggoota sadan darban barsiisaa barachaa waanan tureef kitaabotan bitadhellee dubbisuuf yeroo hinargannen ture. Ammaa garuu dubbisaan jira. Hojiileen karoorfadhe sababa hanqina

yerootiin hinraawwatin hafe yeroo ammaa hojjechuuf carraa argadheera. Wantootan barreessuu qabus barreessaan jira. Walumaagalatti wantoota kanaan dura sababa hanqina yerootiin hojjechuu dadhabne akka hojjennuuf carraa nuuf baneera jedha.

Duraan yoo mana teenye waan hojii hojjennu nutti hinfakkaatu ture. Yeroo ammaa garuu mana teenyee hojii idilee hojjechuun akka danda’amu nutti agarsiiseera. Weerarri vaayirasichaa aadaa waliif yaaduufi walgargaaruu keenyaas cimseera jedheen amana. Gama qulqullina eeggachuutiinis muuxannoo guddaa nuu argamsiiseera.

Humni iterneetii biyya keenyaa dadhabaa waan ta’eef namootni baay’een interneetiitti fayyadamaa hinjiran. Namootni carraa iterneetiitti fayyadamuu argatan harki caalu intarneetii miidiyaalee

hawaasummaa fayyadamuudhaan yeroosaanii gara caalu gubaa turan.

Weerarri vaayirasichaa barattootni carraa interneetii argachuu qaban yeroosaanii miidiyaalee hawaasummaa rratti dabarsuu dhiisanii barumsasaaniitiif akka fayyadaman taasiseera. Barattootni miidiyaalee hawaasummaa gara garaa fayyadamuudhaan barnootasaaniirratti akka xiyyeeffatan taasiseera.

Barattoonni maatiisaanii bira jiran haala amma jiruun hamileensaanii utuu hincabin barnoota isaanii qayyabachuufi maatiisaanii gargaaruudhaan yeroo kana dabarsuu qabu. Barattoonni laaptoppiifi mobaayiliisaaniirraa ‘handout’ qaban dubbisuu qabu.

Haalli kun yeroo murtaa’e keessatti tasgabbaa’uu waan danda’uuf barataan waan hojjetuufi bakka oolu yoo dhabe gara araada adda oofamuu waan danda’uuf maatiin ijoolleesaa hojii malee akka hinteenye taasisuu qabu.

Barattoonni sababa weerara vaayiresichaatiin barumsa addaan kutanii gara maatiitti deebi’an maloota ittiin vaayirasicharraa ofirraa ittisan irratti hubannoo qaban hawaasa naannawaatiif qooduu qabu.

Barattoonni yunivarsitiirraa deebi’an hawaasni naannawasaanii harkasaa saamunaafi bishaaniin irra deddeebi’ee dhiqachuu, qaamaan walirraa fagaachuu, maaskii godhachuun vaayirasicharraa akka of eeguuf barsiisuu qabu.

Dhumarrattis, obboleessi koo Doktar Wandimmuu Tagany maatii keenyaaf moodela. Inni digriisaa tokkoffaa, lammaffaafi sadaffaa hojjeteera. Anis digrii koo tokkoffaafi lammaffaa hojjedheera. Yoo Waaqayyo jedhe ji’a tokko lama booda carraa barumsa digrii koo sadaffaa (PhD) Beeljiyeem ykn Awustiraaliyaatti ittifufuuf carraa argadheera. Barumsa koo xumuree gara biyyaatti deebi’ee biyya koof hojjechuun hawwii koo isa guddaadha.

Ani carraa ‘PhD’ biyyoota sadiitti argadhe keessaa kam akka wayyu qorachaan jira. Ani biyya alaatti barachuu kanan barbaaduuf barumsa fooyya’aa argadhee deebi’ee yunivarsitii na erges ta’e hawaasa biyya koo tajaajiluudha jedha Injinar Mulugeetaan.

Injinar Mulugeetaa Tagany

Page 8: MijuuAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et lakkoofsa bilbilaa 011-1-264208

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 15 Bara 2012 8

KEESSUMMAA BARIISAA

Tashoomaa Qadiidaatiin

“Ramadaana baranaa otoo dhufuusaa hinargiin lufuusaa argine”

Hawaasn Musliimaa ji’a Ramadaanaa kan kabaju haala addaatiin Masgiidafi iddoowwan qulqulluutti. Masgidattis ta’u yeroo lulluuqqannaa (faxara) waliin sagadu, qara’u, nyaatum Rabbis kadhatu. Jin kun ji’a hawaasni Musliimaa warreen harka qal’eeyi yaadachuudhaan bakka jiranitti zakaafi kennaawwan biroos itti kennuudha.

Gaazexaan Bariisaas Ayyaana Id-Alfaxir bara 1441fa baranaa sababeeffachuun fuula kanarratti Pirezidantii Gumii Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa, Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa keessummaa kan taasifate yoo ta’u, gaafdeebiin isaan wajjin taasifames kunooti.

Bariisaa: Sheek Hajjii Ibraahim yoom, eessatti dhalatan?

Sheek Hajii: Bara 1945 Naannoo Oromiyaa, akka moggaasa yeroo sanaatti Konyaa Arbaagugguuttin abbaa kiyya Ibraahim Tufaa Maloofi haadha tiyya Aadde Ashuu Kabiir Mahaammad Muudeerraa dhaladhe.

Bariisaa: Waa’ee barumsaafi hojii keessanii nutti himaa mee?

Sheek Hajjii: Ani barsiisaa barumsa Amantiiti. Waggoota 22f barumsa amantii barsiiseera. Daa’immumaa kiyyaanin qur’aana qara’u jalqabe. Haata’u malee bara 1976 (bara Darguu) barumsa bu’uuraa baradheera. Yeruma sana barumsa qubees dhoksaadhaan baradheera.

Kanaa achi akka daa’imman kaanii mana barumsaa idilee dhaqee barumsa hinhordofne. Qur’aana kanin qara’e yeroo muraasa keessatti. Barsiisonni narraa baratu malee ani isaanirraa baradhee hinbeeku.

Bariisaa: Afaan Oromootiin barreessuu akkamiin eegaltan, eenyutus isin barsiise?

Hajjii Ibraahim: Waggoota 27f dalagaa kanin ture qubee Afaan Orromootiini. Yeroo sana dhoksaadhaan malee ifatti qubee barachuun hindanda’amu ture. Haalatti Afaan Oromoo barreeffamu kan na barsiise nama Amaan Mahaammad jedhamuufi ammaan tana Norwee jiraatuudha.

Dhaabni siyaasaa jalqabaaf ani beeku dhaabbata DhDUOdha. Yeroo Dargiin kufu anumatu dhaaba kana simate. Yeroo sana ani Arsii, Aanaa Gunaa keessan ture. Qubee Afaan Oromoo dabalataan kan itti cimse hiriyaa kiyya yeroo sana waajjira maallaqaa aanichaa keessa hojjetaa tureedha.

Herrega barsiisonni baasan waan beekuuf barsiisonnis sheekoon nutti hindhufiinaa jedhu. Ani wayitan barumsa hordofu al tokko lama yoon dubbise dafee naa gala. Kun ammoo kennaa Rabbiiti. Namoonni hedduun kan na jajan Sheek Hajjiin kennaa Rabbiitiin malee barsiisotarraa barumsa argatee miti jedhu.

Bariisaa: Barumsa amantii yoom barachuu eegaltan, barsiisuu hoo?

Sheek Hajjii: Daa’immumaa kiyyarraa kaaseen barsiisaa ture. Mana sirreessaa Qaallittiitti sababuma amantiitiin Mootummaa Wayyaaneetiin hidhamee wayitan adabii jala turetti kitaaba fuula 300 barreesseera. Ani daa’immumaarraa kaasee mana barumsaa Islaamaa seenuunin baradhe.

Barumsa idilee barachuuf naannoon ani itti dhaladhe magaalarraa kiiloomeetira 25 waan fagaatuuf yeroof carraa barumsa idilee hinarganne. Magaalaa Abboomsaa dhaqee fira bira taa’ee barachuu akkan barbaadu abbaa kiyyatti himeen ture.

Yeroo sana akka ammaa bolaalee uffatanii deemuun hinjiru. Uffanni jiru kushee (qumxaa) xaaqaarraa hodhamtuudha kan ture. Barumsa idilee kana barachuuf wayitan deemuuf ka’u sheekiin tokko naannoo keenya dhufnaan barattoota heddu walitti qabanii barsiisuuf galmeessuu jalqaban. Anis maaltu fagoo nageesse jedhee fiigee dhaqee galmaa’e.

Haa ta’u malee kushee ani bitadhe jilbaa olitti cabsanii waan naa hodhaniif sheekichi na ilaaluun jilbaa gaditti gadi siqsi naan jedhan. Yeroo sana namni kushee biraa naa

bitu waan hinjirreef achi siqee mala dhahe. Innis hodhuma jilbaa olitti dachaafamee hodhame gadi dirirsuun sheekichatti deebi’e.

“Bada gurbaa ammallee sanumaa maalumaafuu mee gabatee irratti barattu fidii koottu naan jedhan. Waytuma kana muka hindheessaarraa gabatee gurra qabu fudhee dhaqe. Sheekichi gabateen kun muka hintaanerraa waan bocameef qalmaan irratti hinkatabamu naan jedhan.

Haata’u malee hiriyaansaanii, sheekin tokko qalama kiisii keessaa qaban baasanii ‘ALIF BA’AA TA’A’jedhanii irratti naa barreessan. Guyyaa lammaffootti sheekonni lameen walqabatanii gabaa Arbaagugguu deeman. Anis achuma taa’een guyyaa guutuu irra deddeebi’ee waanin qara’aa ooleef sammuutti qabadhee oggaa isaan deebi’an lakkaa’eef.

Waan isaan na barsiisan waanin guyyaa tokkotti lakkaa’ee, qabadhee fixeef sheekichi, “Kanaandura qaraatee beektaa” jedhanii na ajaa’ibsiifatan. Ani qara’ee akkan hinbeekne ittihime. Haala kanaanin barumsa jalqabe.

Bariisaa:Yeroo sana daree tokko keessa barattoota meeqatu barataa ture?

Sheek Hajjii: Nan yaadadha yeroo sana kutaa tokko keessa darasaa 40 ykn 30 ol ta’aniitu qara’u. Darasaawwan kunneen waan baay’ee ta’aniif nama tokkotti ni ulfaata. Haaluma kanaan kutaalee adda addaa keessatti qoodamnee akka qaraanu ta’e. Ani dareen gale keessatti barumsa naa kennamu yeroomaan fixeen bira darbe. Isaanis haala kana hubatanii guddaa na ajaabsiifatan.

Akka carraa ta’e yeroo san ilmi baalabbaataa tokko kan barumsa idilee kutaa sadaffaa baratee waan dhufeef namni Hajii wajjin deemuu danda’u isa jechuudhaan dirqamaan isa jalatti naqaban.

Kitaaba guddaa addunyaan Musliimaa itti baratu lammaffaa qara’e fixe. Haaluma kanaan barumsa kaarikulamii sadarkaa biyya keessaa bara 1958 waanin fixeef sadarkaa barsiisaatti ce’ee bakkuman qara’aa jirutti qaraasisuu jalqabe.

Akkasumas kitaaba guddaa Hadiisaa, qur’aanatti aanee Rabbirraa bu’e, kan addunyaan Islaamaa itti bultu waliin gahe. Bara 1965 barumsa kiyya fixuuf wayita jiini lama nahafu abbaan kiyya narraa boqonnaan waggoota lamaaf bakkuma dhaloota kootti deebi’e.

Briisaa: Sana booda hoo?

- Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa

Page 9: MijuuAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et lakkoofsa bilbilaa 011-1-264208

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 15 Bara 2012 9

Sheek Hajjii: Sana booda edda Mootummaan Hayilasiillaasee kufee barsiisummaa kiyya ittifufuun isuma maddiitti hojii jaarsummaa keessatti hirmaachaan ture.

Ani jaarsumaaf kanan filatame baradhee osoo hinta’in kennaa Rabbi na badhaaseeni. Bakkan ani hinjirretti dubartiin hinheerumtu, dhiirris hinfuudhu. Ani barbaadee osoo hinta’in hawaasatu nafilate. Haata’u malee dubbiiwwan xixinnoof akka nan barbaanne hawaasichatti himee xinnoo haara galfadhe.

Yeroo Dargiin akka warreen amantii biroo rakkisan nan tuqne. Inumaayyuu wajjummaan hojjechaa turre. Yeroo sana Dargiin natti gargaaramaa ture malee ani isatti hinfayyadamne.

Bariisaa: Amantii Islaamaa keessatti sadarkaan inni dhumaa maal jedhama?

Sheeki Hajjii: Seenaa barnoota ammantii Islaamaa keessatti sadarkaa dhumaa waanti jedhamu hinjiru.

Bariisaa: Mee waa’ee hidha guddichaa ykn laga Abbayyaa ijaarsisaa harka 73 irrarratti maal jettu mee?

Sheek Hajjii: Waggoota 1441 dura Nabiyyuu Mahaammad waa’ee Laga Abbayyaa dubbachaa turan. Kan har’aa Itoophiyaan, Misiriifi Sudaan irratti dudubbachaa jiran yeroo sana Nabiyyuu Mahaammad kan jedhan kitaaba Qur’aanaa Qulqulluu keessatti katabamee muldhata. Anis waa’ee Laga Abbayyaa (Hidha Guddichaa)rratti kanaan dura yeroo baay’ee dubbadheera. Akka gumii keenyaattis ta’e qabeenya dhuunfaa koorraa deggarsa gocha tureera.

Addunyaa tanarra lageen afur lagoota jannataa jedhaman jiru. Logoota afran kanneen keessaa lama yeroo addunyaarraa

Bariisaa: Ejjennoo Itoophiyaan ijaarsa hidhichaarratti qabattee tarkaanfachiisaa jirturratti maal jettu ree?

Sheeki Hajjii: Itoophiyaan lagni kun keenya qofa hinjenne. Numaraafuu ni gaha jechaati kan jirtu. Haata’u malee bishaan lafa keenyarraa burqee dhangala’u kanatti fayyadamuun haqa keenya waan ta’eef ittigargaaramuuf mirgan qaba jechaa jirti. Ejjennooshii kanas addunyaaf ibsaa jirti.

Dhalli namaa bishaanfi abidda walqixa ittifayyadamuu akka qabu yeroo baay’ee ni dubatama. Nutis bishaan Rabbi nuu kenne kana hawaasa ollaa keenya jiruun haqa keenya jennee hindhorkanne. Kan jennu bishaan kanatti walqixxummaan fayyadamuu qabnaadha.

Biyyi teenya dureettiidha. Irrisheefi jallishee bishaanuma. Biyya lalistuu addunyaan marti hawwuudha. Haata’u malee yeroo dheeraadhaaf rakkinoota adda addaatiin misoomni keenya duubatti deebi’eera.

Kanaafuu salphina hiyyummaafi deega Itoophiyaan har’a ittiin arrabsamtu jalaa bahuuf ummanni keenya marti sheerii bitachuudhaan ijaarsa hidha guddichaa kana fixuu qaba.

Abdii lagicharraa eegamu milkeessuuf akkuma kaleessaa tumsinee fixu qabna. Sheeriin har’a bitanne ittiin ijaarru nuu qaqqabuu baatullee dhala keenyatti ni darba jennee abdanna.

Laga Abbayyaa Rabi nuu kenne kana hawaasni keenya amantiidhaan, sanyummaafi qooqaan osoo addaan hinbahin tokko ta’ee sheerii bitatee itti fayyadamu qaba.

Bariisaa: Hawaasni musliimaa Ramadaana baranaa akkamiin dabarse?

Sheek Hajjii: Hawaasn Musliimaa

Ramadaanaa baranaa kana lufuusaa malee dhufuusaa hin ragine. Jiini Ramadaanaa baranaa maaliif akka nu jalaa ariifateef hinabeknu. Jaalannus Jibbinus keessummaa kabajamtuun jaalatamtuun Rabbii ta nubiraa galtee simaneerra, gaggeessineerras.

Bariisaa: Vaayirasii koronaatiin walqabatee hawaasni Musliimaa Ramadaana baranaa akkamitti dabarse?

Sheeki Hajjii: Barri kun hawaasa Musliimaatiif gadda addaatti. Hawaasichi rakkina dhibee koronaatiin waa sadii nu dhabsiise; Ayyaana Iid-Alfaxirii, Arafaafi torbanitti al tokko kan sagannu, Ju’umaa. Sababuma vaayirasichaatiin masgiida keessatti baayi’inaan akka hingeggeessine nu taasiseera.

Musliimni sodaa vaayirasichaatiin manatti dacha’ee sagaduuf dirqameera. Sababuma vaayirasichaatiin masgiidni keenya mukaa’ee nutis mukoofneerra.. Rakkinni kun ammoo hawaasa Musliimaa qofa osoo hinta’in kan hawaasa addunyaa maraa waan ta’eef hanga inni darbutti of eeggannoo gochuudhaan Rabbi kadhachuu qabna.

Haala amma muldhachaa jiruun vaayirasichi babal’achaa jira. Kanaaf hawaasichi qajeelfama mootummaafi ogeessota fayyaatiin kennamu fudhatee sirnaan hojiirra oolchuu qaba.

Akka afoola Oromootti waldhabdee lamatu jiru; waldhabdee shamtee (kan yeroo dheeraa)fi galtee (kan yeroo dhiyoo).

Rakkinni amma nuqunname galteedha jennee yaadna. Maaliif yoo jedhame dhibeen hawaasa manatti dachaase kun kan dhgahame yeroo dhihoo waan ta’eef.

Rabbi ni ilaalaa bari. Hammeenya dhalli namaa addunyaa tanarratti raawwatu daran baay’ateera. Obboleessi dhiiga obboleessaa dhangalaaseera. Dhiigni dhala namaa kan saree hanqate bakkuma argametti dhangala’aa jira. Hawaasn addunyaa ammantiidhaan osoo adda hinfoyamin dhignisaa bakkuma maratti dhangala’aa jira.

Kanaafuu rakkina ofii keenyaa finne kanaan Rabbi nu adabuuf jecha addunyaa guutuu vaayirasi kanaan adabaa jira. Hammeenya ofii keenyaa finneen Rabbi komanna. Inni ammoo bakka dharti jirtu waan beekuf akka nu araaramu kadhachu qofa.

Akkuma jechama, akka baratanirra akka baraatti bulu jedhamu san waan barri fide obsaan dabarsuu qabna.

Hawaasni Musliimaa yeroo Ramadaanaa iddoo tokkotti kabajata. Aadaan kanaan dura walgargaaraa ayyaanicha kabajachuurratti mul’ataa ture ammas of eeggannaadhaan cimee ittifufu qaba.

Maatii harka qal’eeyyii yaadachuun seenaa amantii hawaasichaa keessatti ni beekama. Haaluma kanaan Ramadaanni yeroo soomanaa Rabbii keenya gadi teenyee kadhannuufi kadhannee irraa argannu waan ta’eef ammas bakkuma jirrutti kadhachuu qabna.

Obbolaa keenya warreen harka qal’eeyyii caalumattuu kan yaadanu guyyaa kanatti. Guyyaa sooma hiikaa kana isaan waliin dabarsun waan Rabbiin keenya jaalatuudha. Kanaafuu guyyaan ayyaana IDI Faxiri itti kabannu kun guyyaa jaalalaa, bara nagaafi dhibee addunyaa kana raasaa jiru ofirraa baraarru waan ta’eef hawaasn Musliimaa akkuma kanaan duraa baranas lammiilee harka qal’eeyyii yaadachuu qaba jechun dhamsa kiyya dabarsa.

boqonnu Rabbi hawaasasaatti amanu kan badhaasuudha jedhama. Isaanis Niiliifi Furmaat jedhamu. Niiliin laga Abbayyaati. Lagni kun laga Jennataa jedhama. Warqiin laga kana keessaa jiru hammaarame hindhumu. Ibsaa irraa burqisiisuun faayidaan argamu guddaadha.

Faayidaa laga kanaa Nabiyyiin keenya duraan dursanii waan dubbataniif har’aan eeguun keenya nama gaddisiisa. Duraan dursinet itti fayyadamuu qabna ture. Hidha kanatti fayyadamnee ibsaa burqisiisuudhaan biyyoota ollaafuu kennuu ni dandeenya ture. Qurxummii horsiisuudhaan bu’aa olaanaa argachuun ni danda’ama.

Kanaafuu hidha kana xumurree hanga har’aatti otoo hojiirra oolchiin turuun keenya akka “Jaldeessi bosona gala. Gaagura dammaa mukuma jaldeessi irra galurratti hidhanii irraa fayyadamu. Jaldeessi waan nyaatuufi dhugu barbaada ni deema. Damma garuu biruma gala. Holqi damma keessaa fudhannu bosona jira. Jaldeessi holqicha keessaa damma hinfudhatu. Rabbii jaldeessuma damma bira galu nu taasise. Laga Abbayyaa baroota dheeraaf irraa fayyadamurraa qoqqobamnee turre.

Har’a biyya keenyatti Rooba yeroo lama arganna; rooba gannaafi arfaasaa. Biyyoonni Arabaa Laga Abbayyaatti fayyadaman garuu waggaatti guyyaa takka rooba argatu. Nuti ammoo rooba qofa osoo hinta’in lageen guguddoota osoo qabnuu rakkachaa jirra.

Biyyoonni Arabaa kanneen lafa gammoojjii keessa jiraatan laguma keenya kana jallisuudhaan kuduraafi muduraa omishanii addunyaa fayyadaa jiru. Kanumarraa kan ka’e yeroo baay’ee biyyoonni Arabaa osoo biyya jiituu qabdanuu gadadoo keessa jirtu nun jedhan.

Page 10: MijuuAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et lakkoofsa bilbilaa 011-1-264208

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 15 Bara 2012 10

DAMAAKASEEDoktar Gurmeessaa Hinkoosaa ogeessa fayyaa yoo ta’an, Koolleejjii Medikaalaa Hospitaala Qiddus Phaawuloosiitti baratan. Wayita ammaa Yuniivarsiitii Arsiitti barsiisaa jiru.

Fuulli kun dhimmoota fayyaa waliigalaarratti xiyyeeffachuun ogeessa damichaatiin torbanitti al tokko kan isinii dhihaatudha. Isinis gaaffii dhimma fayyaarratti yoo qabaattan teessoo keenyaan yoo nuuf ergitan ogeessaan kan

deebii itti kennamu ta’a.

Bineensonni uumamaan Rabbi yoo isaan uumu waan ittiin diinasaanii ofirraa faccisan, kaaniif gaafa ittiin

waraanan, kaaniif dandeettii fiigicha saffisaa ittiin baqatanii ba’an, kanneen birootiif ammoo humna ittiin diinasaanii caccabsan kennee uume. Akkasuma bineensota tokko tokkoof ammoo summii diinasaaniitti naqanii ittiin galaafatan kennee uume. Dhala namaatiif ammoo gaanfa ittiin waraananis ta’e summii, humna cimaas kennuufi baatu Rabbi sammuu ittiin bineensota biroo irra aanan kennee jiraachisa. Har’aaf kan fayyaa waliin baay’ee walqabatan bineensota summiisaaniitiin dhala namaa dabalatee bineensota biroo galaafatan, yoo kan galaafachuu baatan ammoo hedduu dhukkubsachiisan keessaa kan biyya keenyatti baay’inaan argaman bofaafi ciniinnaa ilbiisotaa haa ilaallu.Ciniinnaa bofaa Bofti akkuma namni hundi beeku summiisaatiin nama galaafachuudhaan beekama. Haa ta’u malee bofti gosti marti summii qaba jechuun miti. Akaakuuwwan bofaa hedduunsaanii summii hinqaban. Kanneen qaban ammoo jabinni ykn summiisaanii akaakuudhaan garaagarummaa cimaa qaba. Akaakuun bofaa addunyaa kanarraa dhala namaa hedduu ajjeesuudhaan beekamu gosa Koobraa “cobra” jedhamu yoo ta’u, baay’inaan kan argamu naannoo gammoojjiitti. Akaakuun bofaa koobraa kun lubbuu namaa baay’inaan kan dabarsu summiinsaa akaakuu bofaa kan biraa (warreen summii qaban) waan caaluuf osoo hintaane amala nama loluu waan qabuufi. Keessumaa biyya hindii (India) keessatti waggaa waggaatti lubbuu namoota hedduu galaafata. Walumaagalatti waggaatti sababa bofaa qofaan namoonni kuma sadeettamaa ol ta’an lubbuusaanii dhabu. Mallattoo Mallattoon erga bofti nama ciniinee booda namarratti mul’atu namaa namaatti garaagarummaa guddaa qabaachuu malus walumaagalatti garuu namni tokko yoo bofaan ciniiname mallattoolee armaan gadii argisiisuu mala:Bakka bofti ciniinetti madaa xiqqoon (puncture wound) argamuu.Bakki ciniiname sun diimachuu, dhiita’uu, qunca’uu ykn luqqa’uu, dhiiguuDhukkubbii cimaan akkasumas yoo harkaan qaban bakka sanatti namatti dhaga’amuuOlguuraa ykn haqqeefi teessisaaHafuura baafachuu dadhabuu ykn hafuurri nama cituuOnneen ofii garmalee akka nama fiigaa

Miidhaa bineensota summaa’oo

jiruutti dha’achuuIji ofii seeraan ilaaluu dadhabuu ykn namatti dukkanaa’uuAfaan ofii keessatti dhandhamni ykn miirri akka shaaraa ykn sibiilaa namatti dhaga’amuuGarmalee gororuu ykn garmalee dafqi qaamarra dhangala’uuQaamni ofii adooduu ykn miirri itti dhaga’amuu dhiisuu.Haga mana yaalaa geenyutti nama bofti ciniineef gargaarsa duraa maal gochuu qabna?Nama bofti ciniinte tokko jalqaba sammuu keenyatti kan dhufuu qabu mana yaalaa akka geessuu qabnu yaaduudha. Gara manaa yaalaa yoo deemu namni bofni ciniinte kun mallattoo irratti hundaa’uudhaan yoo kan akaakuun bofaa beekamu ta’e ammoo akaakuu bofaarratti hundaa’uudhaan (kan summii qabuufi hinqabne) qorichi antivenom (farra summii) jedhamu ni kennamaaf. Namni yoo mana yaalaa deemuu ofiin of gargaaree deemuun hin filatamu. Namni biraa gargaaree yoo kan konkolaataan jiru ta’e konkolaataan yokaan waan biraan gara mana yaalaa geessisuu qaba. Haa ta’uu hanga mana yaalaa geessisnutti ammoo akkasumaan geessu irra waantoonni nuti gochuu qabnuufi gochuu hin qabne maal maal fa’i kan jedhu ha ailaallu.Yoo bofti ciniine sun bakka san jira ta’e ykn ajjeefamteetti ta’e, suuraa ishee qabaachuun (kaafachuun) akaakuun bofa sanaa kam akka ta’e adda baasuudhaan yaalamuuf hedduu gargaara.Namni bofti ciniine tasgabbaa’uu qaba. Kunis yoo kan baay’ee dhiphate ta’e dhiigni daddafee waan onnee isaa/ishii keessa deddeebi’uuf, summii bofaa sana bakka jalqabaa fuudhee qaama keessa waliin ga’a waan ta’eefi. Namni ciniiname sun haala (position) isa/ishee boqochiisuun ciisuun barbaachisaadha. Waan akka sibiilaafi meeshaalee miidhaginaa

akka qubeelaa harkaa, bitawoo harkaa ykn faaya mormarraafi kkf qaama nama ciniinameerraa baafamuu qabu.Bakki bofti ciniinte sun sirriitti saamunaafi bishaaniin battalumatti miicamuu qaba. Bakka ciniiname sana haga dandeenye mallattoo itti gochuudha. Yoo danda’ame ammoo sa’aa itti ciniiname ykn ciniinamtes irratti katabuudha.Waantotni nuti gochuu hinqabnehoo maal fa’i? Bofa ciniine sana qabuu dhaaf yaaluun tasumaa sirrii miti. Yoo kan du’e ta’e illee gara mataa isaa baachuu ykn tuttuqquu yaaluun tasumaa balaa namatti fida.Bakkawwan tokko tokkotti akka jedhamu bakka ciniiname sana gad hambisanii qaama ciniiname sana hidhuun faayidaas hin qabu, miidhaa biraafis nama saaxila. Kanaaf bakka ciniiname hidhuun dhorkaadha.Bakka ciniiname ykn qaama ciniiname sana summiin akka ba’utti jedhanii waan qara Qabuun kukkutuu ykn mummuranii dhiigsuun tasumaa summii seene sana hinbaasu waan ta’eef kana gochuurraa of qusachuudha.Summii keessaa baasuuf jecha bakka ciniiname sana ciniinuu, xuuxuufi kkf irraa of eeggachuudha.Bakka ciniiname sana irra bishaan qorraa kaa’uu ykn qaama ciniiname sana bishaan keessa kaa’uunis waan nama ciniiname sana hingargaarreedha.Qorichoota dhukkubbii dhorkan akka aspirinii, ibuprofeniifi kkf hanga mana yaalaa ga’amutti ofii ofiin fudhachuurraa of qusachuudha. Hidduu (ciniinnaa) kaannisaafi soonsaaBiyya keenyatti ilbiisonni nama ciniinanii nama dhukkubsachiisan ykn qaama namaa dhiitessan hedduu ta’anis kanneen hangafaa kanniisaafi soonsa akka ta’e beekamaadha. Namoota hedduu ciniinnaan kanniisaafi soonsaa qaama dhiitessee bakka ciniiname

san gogaa diimessee akkanumaan dhiisa. Kanneen biroo amma qaama guutuu dhiitessee yoo hatattamaan yaalaa hinarganne lubbuu dabarsuutti ga’a. Keessumaa ilbiisonni kunniin qoonqoo keessa yoo nama ciniinan keessisaa dhiita’ee cufamuun hafuura baafachuu dhorkee carraan lubbuu dabarsuusaa daran olka’aadha. Walumaagalatti nama kanniisni, soonsi ykn ammoo ilbiisni biraa ciniine tokkoof gargaarsa kanaa gadii gochuu dandeenya.Ilkee ykn kan yoo kanniisniifi soonsi nama ciniintu namarratti cite hafu sana hatattamaan waan ‘ATM’ ykn furtuu fayyadamnee ofirraa kaasuudha. Bakka ciniiname sanarratti yoo waan qorraa akka cabbii argannee irra keenye dhiituufi dhukkubbii dhufu malu daran hir’isa.Ciniinnaan ilbiisota hedduu kana irra darbee yaalaa dabalataa cimaa kan hinbarbaanne yoo ta’u, namoonni tokko tokkommoo akkuma olitti kaafne addatti hubamuu malu. Walumaagalatti namni ilbisoota kanneeniin ciininamee mallattoolee akka: hafuurri cituu ykn hafuura baafachuu dadhabuu, arrabni ykn qoonqoon dhiita’uu, oldeebisuu ykn haqqeefi teessisaa, dhaabbatanii (of danda’anii deemuu dadhabuu) ykn of wallaaluu argisiisan hatattamaan mana yaalaa deemanii qoricha dhibee kanaaf ta’u akka waraannatan gorfama. Kana ta’uu baannaan haala salpaadhaan lubbuun darbuu mala. Ilbiisota summii addatti qaban kanneen birooIlbiisonni hedduun kanneen nuti guyyaa guyyaatti argaa oolluufi tarii ammoo yeroo ijoollummaa keenyaa harkaan qabneellee ittiin taphataa oollu summii nama galaafatu qabu. Keessumaa Akaakuuwwan sarariitii tokko tokko summii hamaa waan qabaniif, akaakuuwwansaanii sana adda baafnee haga hinbeeknetti walumaagalatti tuttuqquu dhiisuufi irraa fagaachuu qabna. Akkasumas akaakuuwwan fatteefi raammoo tokko tokko summii qabu. Ilbiisni Qajjibbuu (scorpion) jedhamtu ammoo kan lafa Gammoojjii keessatti baay’inaan argamtuufi eegee ishiin kan nama ciniintu, ilbiisota biroo caalaatti dhukkubbii hamaafi yeroo dheeraa namarra turuun kan nama hubdu, darbee darbee ammoo namoota tokko tokkorratti hanga lubbuu dabarsuutti kan deemtuudha. Keessumaa biyya keenyatti manneen yaalaa nuti qabnu keessatti qorichoonni antivenom jedhaman ciniinnaa bofaa yaaluuf oolanis ta’e kanneen akka epinephrine waan akka ciniinnaa ilbiisotaa sadarkaa hamaa irra ga’eef oolan baay’inaan waan hinargamneef ofeeggachuutu waan hundaa caala. Keessumaa daa’imman osoo hinbeekiin ilbiisota kanneenitti akka hinbuune gorsuun ga’ee keenya.

Page 11: MijuuAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et lakkoofsa bilbilaa 011-1-264208

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 15 Bara 20121 1

YAADA BILISAA

AshamaaJirtuu maatiin Bariisaa?Egaa waanuma torbee darbe na dhiben qabadhee dhihaadhe hardhas. Haasaa isinitti hindheeressu, kallattumaaniin gara oduu dubbii ijoo kootti isin ceesisa. Yeroon teenyee akka durii haasaa haasaa walitti dheeressinu eessa jira jettaniitu barroo hammaateera. Torbee darbe waa’ee dhibee koronaafi siyaasa qe’ee keenyaarratti waa xinnoo taajjabnee turre. Idduma dhaabbannee ittifufna kaa hardhas.Rabbi nu haa eegu malee vaayirasiin koronaa kun daran yaaddessaadha. Caalaatti kan nama yaaddessu immoo aadaa waliin jireenya ummata keenyaa oggaa ilaalamu haalli saffisaan daddarbuusaa daran hammaataadha jedheen tilmaama. Maalumaafuu ummanni keenya of eeggannoo cimaa taasisuu qaba, keessattuu ummanni keenya baadiyyaa haala addunyaan itti jirtus waan hubate natti hinfakkaatu; nus hubachiisaa jirra jedhee afaan guutee dubbachuun na rakkisa. Dhukkubichi garuu biyyattii keessa erga seenee bubbuleera. Bubbuluuyyuu irra darbee lafa bareera. Namaanis walfudhateera. Lakkoofsi namoota dhibee kanaan qabamanii ji’a duraa tokkoofi lamaan gabaafamaa ture amma dijiitii lama galeera. Akkuma salphaatti nama 35, 29, 24, 19… jechuu eegalleerra. Akkanuma keessa dhufa inni mana dhibbaafi mana kumaas fagoo seetanii?Dhugaa yaaddessaa waa’ee dhibee koronaaDhibeen kun addunyaarratti jalqaba warra humna dinagdeefi teknolojii olaanaa qaban haleeluu eegale. Yeroo ammaa warri dursee dhahame fiinxarraa gad bu’aa jiru. Amma suuta to’achaa jiru. Lakkoofsi nama qabamuufi du’uu suutuma hir’ataa jira. Fakkeenyaaf Xaaliyaan, Ispeen, Jarman, Faransaay, Ameerikaafaa eeruu dandeenya. Faallaa kanaan ammoo warri dinagdees tahe teknolojidhaan duubatti hafan reefu dhibichaan dhahamaa jiru. Fakkeenyaaf Raashiyaa, Biraazil, Hindiifi Peeruufaa ilaaluu dandeenya. Jarri kun baatii tokko dura lakkoofsa dhibamtootaatiin sadarkaa dhumaarra turan. Amma garuu sadarkaa tokkoo hamma kudhanii gidduutti argamu.Haalli walfakkaataan biyyoota Afrikaattis mul’achaa jira. Wayita warri qaroome dursee dhibee kanaan dhahamee dandamachaa jirutti warri dinagdees tahe teknolojii gahaa hinqabne dhibee kanaan cabaa jiru. Itoophiyaattis baay’ina qorannaatu xiqqaate malee osoo humni jiraatee guyyaatti heddumminaan qoratamee lakkoofsi danuun dhagahamuu mala. Duraan lakkoofsi dhibamtootaa xiqqaatee mul’achuun ummata keenya daguu hinoolle. Akka waan dhibeen kun warra adii qofa miidhuutti fudhachuun dubbicha xiqqeessanii ilaaluun dogoggora. Amma keessumaa ganni seenaa jira. Kun ammoo dhibichaaf humna dabaluu mala jedhamee shakkama. Kanaafuu ummanni keenya osoo hindagamne qajeelfamaafi

Of dagannaan koronaan olitti babal’achaa jiragorsa ogeeyyii seeraatiin kennamuuf hojiirra oolchuu qaba. Hunda caalaa fayyaa keenyaaf dursa kennuun dhimma boriif hinjedhamneedha. Egaa akkuma dandeettiin waa hubachiisuu keenya addaaddummaa qabu sadarkaan waa hubachuu keenyas waldiduunsaa hinoolu. Amma kan dhibaa ta’aa dhufe sadarkaadhuma hubannoo hawaasichaafi babal’ina dhibee kanaati. Koronaan guyyaa guyyaan dabalaatuma jira. Of eeggannoon keenya ammoo faallaa kanaatiin daran laafaa dhufeera. Ofuma keenya irraa kaafnee of eeggannoon godhaa jirru baay’ee laafaadha. Guyyoota jalqabaa koronaan biyya keenya seenu hundi keenyayyuu harka dhiqachaa turre. Saanitaayizarii ykn alkooliin kiisii keenya keessaa hindhabamu. Fageenya keenya eeggannee deemna; harkas walhin fuunu ture. Bishaan harkaa magaalaatti keessattis kan waloofi dhuunfaa jiru. Jarikaaniifi roottoon balbalarra jiru hundi torban jalqabaa bishaan qaba ture. Yeroo ammaa garuu bakkawwan hundatti qodaa duwwaatu mul’ata.Of eeggannaan taasifamaa ture amma laafeera. Xiqqoo kan fooyyee qabu tajaajila geejjibaa qofa. Isumarrattuu taarifaan walqabatee komiin dhagahaamaa jira. Gabaanis torban lamaaf dhaabbatee ture. Amma garuu baay’inni namaa gabaa dhaquufi galuu dachaadhaan dabalaa jira. Kunis dhimma xiyyeffannon itti kennamee hojjetamuu qabuudha. Hojichi hojii qaama tokkoon hojjetamuu qabu osoo hinta’in hunduu irratti hirmaachuu qabuudha. Akkuma “Qunceen waltaatee arba hiiti” jedhamu san.Ammaa garuu waan hunda dhiifneerra. Kun immoo gatii guddaa nu kafalchiisa. Kanaaf xiyyeffannoo itti kenninee hojjechuun murteessaadha. Rakkoon kun ni darba.Dagannaan akka Hawaasaatti calaqqisaa jiru gatii olaanaa nu kaffalchiisuunsaa waan hinoolleedha yaa lammii koo. Kan kaleessa oduu televiziyoona gubbaatti dhageenyuun qaamni nu shirrisu hardha koronaadhumayyuu otoo qaamaan walitti dhufnee abootuurraa waan deebinu hinfakkaannu. Of dagannaan hawaasa keenyaa hamma kana gahe egaa. Maalsaatu akka akkana nu boonse Waaqa duwwaatu beeka.Gidduu kana ammoo humna poolisii hojiirra oolmaa labsii yeroo muddamaa hordofu wajjiniin hamma waldhaansoo qabachuutti deemamaa jiraachuu argaa jirra. Sababa haguuggii (mask) fuulaa godhadhaa hingodhannu jedhuun, walirraa siiqaa hinsiiqnuutiin sadarkaa lubbuun namaa darbuurra geenyeerra. Kan naannoo Tigraayitti ta’es kanuma. Finfinneettis haaluma walfakkaatuun namoota labsii yeroo muddamaa kana cabsanirratti tarkaanfii fudhachuusaa poolisiin magaalattii kan beeksises sababuma kanaani. Namoota 2800 ta’an sababa haguuggii uffachuu didaniif seeraan himatamanii akka adabaman taasisuu dhageenyeerra.

Mee fayyaa eenyuutiif jedhamaniitu kan isaan akka daa’imaa hidhadhaa jedhamanii kadhatamanuuf? Baay’ee nama gaddisiisa.Gama biraatiin daldalaan seeraan ala duroomuuf gatii meeshaalee garmalee olkaasee hawaasicharratti qixxee koronaa duula bane danuudha. Ilaalchi keenyas hubannaan keenyas matumtisaa dhibamaadha.Waajjirri ministira muummee ibsa gidduu kana karaa dubbi himaasaatiin kenneen rakkoo guddaan ittisa koronaa keessatti danqaa kitilayyoo ta’e of dagannaa hawaasichaati jechuunsaa waanuma dhugaa kana sirriitti ibsuudha.Kan magaalaa erga akkana ta’e kan baadiyyaa maal ta’uu akka danda’u tilmaamuun nama hinrakkisu. Amma hunda caalaa gamtoomni keenya yeroo qabatamaatti itti mirkanaa’uu qabuudha. Dhibeen kun akkuma balaa fidee dhufe carraa gaariis fideera. Hardha koronaa fuulduratti hunduu qixxee ta’eera. Hiyyeessiifi dureessis, beekaafi wallaalaanis, korniyaanis, umriinis, gosaafi amantiidhaanis. Addunyaa afaan tokko akka dubbattu godheera. Balaan faalama qilleensaa ibidda bosonaafi balaa dambalii galaanaa addunyaa daakaa ture amma galata koronaaf dhabameera. Bineensonni bosonaa dur baqatan hundi amma gara qe’ee namaatti as mumul’achuu eegalaniiru. Waraanni kaleessa biyyoota hedduu keessatti ganamaafi galgala dhageenyu hardha bakka xinnoorraan kan hafe erga dhageenyee bubbulleerra. Dhibeen ijaan hinmul’anne kun sodaan namaa garuma tokko akka deebi’u taasiseera.Kan biyya keenyaa garuu faallaa kanaati. Gabaan siyaasaa keenya kan yeroo eessa akka jiru hinbeeknellee amma ho’uu

jalqabe. Falmii waa’ee dhimma filannoofi heeraarratti ture ni yaadattu.Filannoon baranaa sababa vaayirasii koronaatii yeroosaa eegee geggeeffamuu waan hindandeenyeef mariirra jirra jedhame. Yeroonsaa dhumnaan paarlaamaan diigamuun dirqama. Sababnisaas, kan “Ummanni isaan filate” waggoota shan qofaafikaa. Yeroo kana dabarraan bu’uura seeraa ittiin turan hinqaban. Kan guyyaa tokkollee itti isaaniif dabalee tursiisuu danda’u waliigala ummata biyyattiirraa kan hafe qaamni kamuu gochuu hindanda’u. Kanaaf amma carraan jiru sababa labsii yeroo muddamaatiin ministirri muummeen yeroo murtaa’eef (ji’a jahaf tahuu mala) ittifufee akka bulchu taasisuudha. Yeroo kanatti seerri haaraan bahus, haqamus hinjiraatu, muuduufi buusuunis akkanuma. Caasaaleefi qaamonni mootummaa hafan garuu ministira muummee seeraan durfamuun yeroo murtaa’e sanaaf hojiisaanii ittifufu. Kun oggaa ta’u immoo bakka buutonni dhaabbilee siyaasaa biyya bulchuufi kan morkattootaa marti, qaama dhimmi ilaallatu hunda waliin mariyatanii irratti waliigaluunis dirqama.Manni maree bakka bu’oota ummataa labsii yeroo muddamaa labsee yoo diigame, komaandi postichi mirga of haaressuufi turuu qabaachuu mala. Sun immoo daran nuffisiisaa taha, kan inni rawwiisaa itti gabaasuu qabu, parlaamaanis hafee mana maree ministeerotaatiif ykn qaama biraatiif taha. Kanaaf kan komaandi posti akka of haaressuuf irratti walii galuun ykn eyyemuun waan deggeramu miti, isa eeggadhaa. Hagasitti koronaanis talaallii argata jedhamee abdatama. Toorichi seeraa kanuma fakkaata!Ammas taanaan hojii guddaan dhimma hubannoo hawaasaa wajjin walqabatee waanti baay’een akka nu hafu hubachuun ni danda’ama. Asirratti keessumaa qoodni dhaabbileen sabqunnamtii hawaasa qaruu keessatti qabanu gahee maaliinuu bakka hinbu’amneedha. Kanaaf tumsi gama kanaan taasifamu akka daran cimee hawaasa keenya qaru gochuuf hirmaannaan lammiilee daran murteessaadha. Dhumarratti haaluma rakkisaafi walxaxaa kana keessattis taanaan aadaan waliin jireenyaafi walgargaarsaa hawaasa keenyaa bara guyyaan namatti dukkanaa’u keessatti copha abdii namatti jiruudha. Baatii Ramadaanaa waliin soomana furuun, namoota harka qal’eeyyiif gargaarsa walitti sassaabanii gammachiisuufi kan kana fakkaatan…dhugaa dubbachuuf haara galfii bara golfaa keessatti argamuudha. Kun cimee ittifufuu qaba.GalatoomaaHoraa Bulaa Deebanaa!Hordoftoota amantii Musliimaa maraan baga ayyaana Iid Alfaxrii bara 1441faf isin gahen jedha. Ayyaanni kun kan gammachuu, badhaadhinaafi kan fayyaa akka isinii ta’un hawwa.Eid Mubaarak!

Hamiltan AbdulaaziizAfaaniifi Gaazexeessummaadhaan Yunivarsiisii Finfinneerraa

digrii jalqabaa qaba. Wayita ammaa dhunfaadhaan hojjeta

Yaada barreessaaf qabdaniif karaateessoo ‘e-mail’ isaanii

barreessuufii ni dandeessu.

Maalumaafuu ummanni keenya of eeggannoo cimaa taasisuu qaba,

Page 12: MijuuAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et lakkoofsa bilbilaa 011-1-264208

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 15 2012 12

QORAASUMA Zarihun GabreeIngiliffaan digrii jalqabaa, ‘HIV/AIDS’fi Gorsa wajjiin walqabatee Maastarsii qabu. Yeroo ammaa barnoota “Transformational Leadership” jedhamu sadarkaa ‘PhD’tti barachaa jiru. Barreessaa kitaabota Afaan Oromoon Waangolii Dhaloota Mancaasan, Geggeessaa Jijjiiramaaf Dhalate, afaan Ingiliziin ammoo ‘Abortion and Evangelical Christians, Risk Behaviors and HIV/AIDS among Ethiopian University Students jedhamaniiti.

Duulichi kan ajajaa waraanaa qofa mitiAkka lakkoofsa addunyaatti bara 2008

dubartii Jeneraala biyya Ameerikaa Ann E. Dnwoody jedhamtu

Jeneraalota Ameerikaa keessaa sadarkaa guddaarra jiraachuusheen miidiyaaleen gara garaa waa’eeshi qabatanii bahaa turan.

Dubartiin kun yeroo jalqabaaf loltoota Ameerikaa keessatti Jeneraala urjii afur argattee turte. Loltoota Ameerikaa keessaa yeroo hedduu geggeessitootni bebbeekamoo danuun kan ba’an yoo ta’u dubartiin Jenaraalli kunis ciminaan biyyoota 140 ol keessatti loltoota 69,000 ol sirriitti bifa qindaa’een gaggeessusheen maqaaf beekamtii guddaa horatteetti

Beekamtiif gahumsa horatte kanaanis ; biyyoota Iraaqiifi Afgaanistaan keessatti ergama itti kenname sirriitti raawwatteetti.

Haa ta’u malee geggeessummaanshee maaliif akkas milkaa’aa ta’ee? Biyyootaafi wal’aansoo cimaa qaban keessatti tooftaa attamiin milkooftee? Rakkoolee jiran injifachuun waggoottan 37 ol loltoota danuu attamitti geggeessuu dandeessee?

Iccitiin gahumsashii kun maalii? Inni kun namoota hedduuf gaaffii ture. Haa ta’u iyyuu malee waggaa muraasa dura gaaffiifi deebii dhaabbata Televiziyoona tokkoo wajjin yeroo taasisan dhoksaan injifannoofi milkkaa’ina isheetii harka wal-qabatanii hojjechuu ta’uu dubbatte.

Hojiin gartuun hojjetan akka injifannoo nama gonfachiisu deebiste. Tokkummaan, wal-dhaga’uun, harka wal-qabatanii socho’uufi wal-dhaga’uun hundee injifannooti. Injifannoof namni tokko qofti akka urjii barii mul’achuun utuu hin ta’iin namni hundumtuu gama isaatiin dukkana gama isaan jiru yoo ibse ifni isaanii walitti ida’amee dukkana ari’ata.

Keessumattuu yeroo amma keessa jirru kana keessatti injifannoof tokkummaan barbaachisaadha. Rakkooleen jiran kan nama tokko yookaan gartuu muraasaan hiikaman hinfakkaatan. Nama muraasaafis kan dhiifamu miti. Lolli ajajaa lolaa qofaatti kan dhiifamu utuu hinta’iin hundumtuu gama isaatiin tattaaffii taasisuun bu’aan injifannoo kan itti argamudha.

Lollis ta’e dhibeen hamaa biyya qoruu dandahu wayita mudatutti harka walqabatanii ka’uun rakkinicha kan salphisu yoo ta’u qofaa fiiguun fi waldhagahuu dhabuun haalicha hammeessuu fi miidhaa hamaa qaqqabsiisuu dandaha.Dhimma kana wajjin walqabatee yaanni ka’u yoo jiraate tatamsa’ina Vaayirasii Koronaa fi sochii ittisasaarratti taasifamaa jiru akka fakkeenyaatti kaasuun dandahama.

Vaayirasichi rakkoo mana nama hundaa seenaa jiru ta’aa waan jiruuf to’achuuf hunduu miira tokkummaan harka walqabatee ka’uun dirqamadha.

Egaa hundi keenya rakkoo har’a biyyis ta’e hawaasni keenya keessa jiruuf itti gaafatamummaa qabna. Tarii baay’een keenya bara 1969 “Apollo 11” kan jedhamtu satalaayitii ji’a irra qubatte ni yaadanna.

Baay’een keenya kan yaadannu namicha ji’a irra deeme Neil Armstrong’n ta’uu danda’a. Haa ta’u iyyuu malee nama kanas ta’e gartuun isaa wajjin turan akka ji’a irra qubataniif, injifannoon akka gonfatamuuf namoota kana dugda duuba hojiin kun akka milkaa’uuf aarsaa kan kanfalanii hojjetaa turan namoota 400,000 ol ta’u.

Akkuma kana wal-tumsuun, waliin socho’uun wanti hin injifatamne hinjiru. Barreessaan Antony Beevor jedhamu kitaaba barreesse ‘D-Day’ jedhamu keessatti waa’ee waraana addunyaa isa lammaffaa rakkoo ture gadi fageenyaan dubbata. Addumaan ammoo loltootni Jarmanii biyya Awrooppaa keessatti attamitti akka injifataman kaa’a.

Loltoonni Jarmanii mo’achuu kan danda’an qopha qophaan utuu hinta’in walitti dhufuun akka ta’e barreesseera. Kanaaf loltoonni Ameerikaa, Kaanaadaa, Ingiliziifi Faransaay loltoota 150, 000 walitti dabaluun Waxabajjii 6, 1944 loltoota Jarmaniitti duuluun humna diina biyya Faransaay keessa qabatee ture naannoo Normaandii jedhamutti cabsan. Kana irraa ka’ee xabni waraana addunyaa inni lammaffaan asuma irratti laamsha’e.

Akka biyya keenyaattis yoo walitti dhufne har’as ni injifanna. Dhukkuba har’a addunyaa raasaa jirus nimoona. Utuu hinmiidhamiinis keessa nidabarra. Yoo harcaane garuu nuharcaasa. Yoo waldhageenye ni injifanna. Yoo didne ni injifatamna. Inni kun falmiis, beekumsa addaas, ibsa kan biraas waan barbaadu miti.

Wal-dhaga’uun, harka wal-qabachuun ni injifanna. Isa kanaaf ammoo hundi keenya ga’ee ba’uu qabnutu jira. Inni kun itti gaafatamummaa seenaati. Lolli kan ajajaa , kan Jeneraalaa qofa miti. Hundumaa ilaallata. Hundumaatu itti miidhama. Isa kanaaf hawaasni, geggeessitootni, dhaabbileen siyaasaa…hunduu ga’ee qabna.

Hawaasni bara akka har’aa bishaan ujummoon manatti hindhufne qufaan (qakkeen) namoota miliyoonaan lakkaa’aman duguuge lafarraa kan fixe yyoo ta’u hawaasni irraa hafuu dandahes jira. Finfinnee keessattis namootni kuma kudhaniin lakkaa’aman dhumaniiru. Isa kana seenaan hin daganne. Har’as hanga rakkoon jiru darbutti of-eeggannoo gochuun barbaachisaadha. Naasuu, sodaa, dhiphachuus hinqabu. Dawaan isaa salphaadha. Of-eeggatanii socho’uu, of-eeggatanii hojjechuu,

gorsa ogeessa fayyaa dhaga’uudha. Sababiin isaa odeeffannoon dhugaan qaama dhimmi isaa ilaallatu qofa irraa kan nama ga’uudha. Isa kana ammoo hojii irra oolchuun ofis ta’e isa kaan baraaruun qooda hawaasaati.

Akka hawaasaa qofatti utuu hinta’in akka nama dhuunfaattis rakkoo jiru kana mo’achuuf ga’ee qabna. Dargaggeessi ‘Loren Eiseley’ jedhamu tokko yeroo tokko wanta inni hojjete baay’ee keenyaaf barsiisa gaarii ta’a. Dargaggeessi kun naannoo galaanaa dhaabatee qurxummii galanaan darbatamanii galaanaa ba’an qabee utuu isaan hindu’in gara bishaaniitti deebisa ture.

Maanguddoon tokko bashannanaaf qarqara galaanaa utuu deemanii dargaggeessa ariitiin gadi jedhee utuu ol jedhuu arganii itti siqanii yeroo ilaalan qurxummii dhahaan galaanaa darbatee bakkeetti gatu tokko tokkoon funaanee bishaanitti deebisa. Manguddoon kunis dhaabatanii erga ilaalanii booda “Maal hojjettaa?” jedhanii gaafatan.

Dargaggeessichis “Qurxummiin galaanatti deebisa” jedhe. Maanguddoonis deebisanii “Maaliif galaanatti deebistaa?” jedhanii gaafatan. Dargaggeessichis “Aduutu ba’aa jira. Qurxummii kana galaanatti hindeebisu taanaan niajjeesa” jedhe. Isaan booda maanguddoon kun “Galaanni kun dheeraa dha. Qurxummii hedduun galaanaan darbatamanii bakkee akka guutan hin arginee? Jijjiirama nan fida jettee yaaddaa?” jedhan. Dargaggeessichis gadi jedhee qurxummii tokko fuudhee galaanatti deebisaa “Qurxummii tokkoo kanaaf jijjiirama fiduu danda’eera” jedhe.

Har’a akka nama dhuunfaatti dargaggootni akkasii biyya keenya keessa jiru. Daandii irra dhaabatanii kan bishaan buusan, kan hojii gaggaarii hojjetan danuu argaa oolla. Nama tokko oolchuun guddaadha. Inni kaanis akkasuma utuu godhee jijjiirama guddaatu dhufa. Karaa kan biraa ammoo hubannoon isaanii xiqqoo kan ta’e, wanti ta’aa jiru kan hingalleef, akkaataan ilaalcha isaanii kan nama gaddisiisu hindhiban.

Finfinnee keessatti ta’e kutaa biyyaa keessatti kan ofiifis ta’e isa kaaniif dhimma hinqabne jiru. Inni kun of-ilaaluu gaafata. Jijjiiramni akka walootti dhufu dhuunfaa irraa eegala. Yeroo tokko waa’ee dargaggeessa biyya lafaa jijjiiruuf yaalii godhuu barreessaan tokko yeroo dubbatu akkas jedha. Jalqaba irratti

biyya lafaa jijjiiruuf jedhee dadhabe. Itti aansuun biyya koon jijjiira jedhee dadhabe; itti fufee magaalaa isaa jijjiiruu yaalee dadhabe; dhuma irratti maatii isaa jijjiiruuf yeroo yaalutti ni dulloome. Kana hundumaa booda “Jalqaba utuun ofii jijjiiramee maatii kootti darbeera ta’e waan hedduu jijjiiruu nan danda’an ture” jedhe. Nus jijjiiramaaf eessaa akka eegallu, kallattii isaas sirriitti beekuun daran barbaachisaa dha.

Dhaabbileen amantaas ga’ee cimaa qabu. Baroota darban keessa qorannoowaan geggeeffaman akka adeessanitti dhaabbileen amantaa jijjiirama amalaa fiduu irratti faayidaa guddaa akka qaban agarsiisa. Gargaaraa Pirofeeseraa Azim Shariif qorannoo geggeesse irratti akka ibsutti biyyootni amantaan keessatti kabajamu yakka, baalota sammuu nama hadoochaniifi kkf., fayyadamuun daran akka gadi bu’aa ta’e ibsa.

Fakkeenyaaf jeequmsiifi yakki biyyoota amantiif bakka hinlaanne keessatti akka baay’atu agarra. Inni kun biyyoota hundumaa keessatti illee wal-fakkaataa miti yoo ta’e akka walii galaatti amantiitti sirriitti namootni qabaman jireenya nagaa buusuu keessatti ga’ee guddaa qabu. Barsiisni amantaas nagaadha.

Amala gaariidha. Yakka irraa maquudha. Nama kabajuudha. Jaalala. Obsa qabaachuudha. Gara laafina. Kanaaf amantaan amala gaarii dhalotaa keessatti gabbisuufi yakka hir’isuu irratti faayidaan isaa guddaadha. Inni kun garuu fakkeenyummaan agarsiisuu gaafata. Isa barsiifneefi barannetti jiraachuu gaafata.

Fakkeenyaaf abaaboon bareedina ishee hinlabsitu. Ni agarsiisti. Yeroo hedduu akka abaabootti harkifamnu kan taasisu bareedina nama harkisu irraa agarra. Gama amantaanis isa kanatu barbaachisa. Waa’ee jaalalaa, waa’ee nagaa, waa’ee jireenyaa labsinee nurraa hin mul’atu yoo ta’e deebinee itti yaaduun barbaachisaadha. Isa barsiisne, isa baranne itti jiraachuu eegaluun yeeroon isaa amma.

Maatama Gaandii Geggeessaa biyya Hindii kan turan yeroo dubbatan akkas jedhu, “Ilaalchi nuti namaaf qabnu maal akka amannu agarsiisa” jedhu. Dhaabbileen amantaa jijjiirama fiduu keessatti ga’ee guddaa qabu. Nama biyyaa lafaa keessatti amala hamaa calaqqisiisu gara uumaatti yeroo deebi’u of-ilaaluu eegala. Bakka itti daandii sirrii irraa sigigaate hubachuu eegala. Amalli, ilaalchii fi adeemsi isaa akka isa darbee hinta’u. Amantiin jijjiirama dhaloota irratti fiduu keessatti ga’ee guddaa qaba. Har’a garuu sadarkaa maalii irra jirraa?

Walumaa galatti hawaasni, dhaabbileen siyaasaafi dhaabbileen amantaa xiyyeeffannoon isaanii dhaloota qaruu, dhaloota mul’ata qabu horachuu, isa har’a rakkoo addaa addaa keessa seene oolchuuf dhama’uutu irraa eegama. Akka nama dhuunfaattis of-ilaaluun, adeemsa kaleessaa madaaluun jijjiirama biyyaaf lammiilee fayyaduu dandahu lafa qabsiisuuf tmiira tokkummaan tumsa gochuun barbaachisaadha.

Page 13: MijuuAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et lakkoofsa bilbilaa 011-1-264208

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 15 Bara 2012 113Fuulli kun namoonni dinagdeedhaan

milkaa’aniifi dhimmoonni dinagdee kan irratti keessummeeffamuudha

ABBAA SA’AA

Yeroo ammaa ummatni Oromoo seenaa qabsoo siyaasaa gaggeessaa ture injifatee warraaqsa misooma dinagdee keessa seenuun tattaaffii olaanaa taasisaa jirudha. Keessamattuu ummatichi wabii midhaan nyaataatiin akka ofdanda’uuf qabeenya lafaafi bishaanii qabutti fayyadamuudhaan akkaataa itti kilaastaraan itti omishuun danda’amuufi omishaalee galteewwan indastirii ta’anirratti xiyyeeffatamee hojjetaa jira.

Naannoon Oromiyaa misooma qonnaatiin lafee dugdaa biyyattii taatee tajaajilaa kan jirtu yoo ta’u, keessumaa ammoo Arsiifi Baaleen kilaastara misooma jallisiitiin midhaanota kanneen akka qamadiifi garbuu, akkasumas kuduraafi muduraa omishee gabaa giddugaleessaaf dhiyeessuutiin beekamu. Muuxannoo godinaalee lameen kana keessatti argamuun bu’aa qabeessa ta’e barana gara godinaalee Oromiyaa saddeetitti babal’isuun danda’amuusaas beekameera.

Haala kanaan kilaastara misooma jallisiitiin godinni Shawaa Kaabaas omisha garbuu nyaataafi biiraa ji’oota afur keessatti lafa hektaara kuma lamaafi 800rratti misoomsuutiin kan milkaa’e waan ta’eef, hoggantootni godinaalee Oromiyaa tibbana daaw’ataniiru.

Omishni garbuu kunis kilaastara jallisiitiin godinichatti gandoota aanaa Jiddaa saddeet keessatti eegalamuunsaa haaraa waan tureef, jalqabarratti qonnaan bultoota biratti sodaa uumee ture.

Obbo Darajjee Taaddasaa Godina Shawaa Kaabaatti jiraataa Aanaa Jiddaa, ganda Siibaa Sirxii yoo ta’an, qonnaan bultoota kilaastara jallisiitiin gurmaa’anii omisha garbuu nyaataafi biiraa misoomsaa jiran 36 keessaa tokko ta’uu dubbatu.

Qajeelfama bulchiinsiifi ogeessotni qonnaa aanichaa kennanirraa ka’uun lafa qonnaa qabanirraa hektaara tokkoofi walakkaa misooma jallisii garbuuf qopheessuusaanii yaadatu.

Lafa qonnaa misooma jallisiif qopheessanis Amajjii jalqabaarraa kaasee mijeessaa kan turan yoo ta’u, haalli qilleensaa naannawichaas mijataa ta’ee waan argameef jalqaba Guraandhala keessa sanyii filatamaa karaa waajjira qonnaa dhiyaatetti fayyadamuun facaasuusaanii himu. Erga sanyii garbuu nyaataafi biiraa facaasanii boodas gorsa ogeessota qonnaa sirnaan hojiirra oolchuun waantota hojjetamuu qaban maraa hojjechaa turreerra jedhu.

Qonnaan bultoota kilaastara misooma jallisiitiin gurmaa’an 36 waliin garbuu kuntaala tokko qofa facaasuu danda’uusaanii kan dubbatan Obbo Darajjeen, haalli asheeta garbuu abdachiisaa waan ta’eef kuntaala afurtamaa hanga jaatamaa argachuuf karoorfataniiru. Lafa qonnaa gabbataa omisha midhaanota addaddaaf mijataa ta’e yaa qabaatan malee keessumaa misooma jallisii caalaatti

Takkaalliny Gabayyootiin

si’eessuuf hanqinni maashinii bishaan itti harkisan akka rakkootti isaan mudachaa jiraachuu eeru.

Rakkoosaanii kanas irra deddeebiin Waajjira Qonnaa Aanaa Jiddaaf dhiyeessaa turaniyyuu deebii osoo hinargatiin jirra jedhu. Kanaafis Biiroon Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa akkasaaniif furuuf gaafatu. Daandiin gandoota aanichaa walqunnamsiisus hangas mara waan hinjirreef bulchiinsi godinichaa itti yaaduu akka qabu gaafatu.

Obbo Fiqiruu Hundees akkuma Obbo Darajjee qonnaan bultoota ganda Siibaa Sirxii kilaastara misooma jallisiitiin gurmaa’uun garbuu nyaataafi biiraa omishaa jiran 36 keessaa tokko yoo ta’an, gorsa ogeessota qonnaafi deggarsa dhaabbilee misooma qonnaatiin hojii boonsaa naannoo Oromiyaafi biyyattiif bu’aa guddaa kennu hojjechaa jiraachuusaanii dubbatu.

Jiddi akkuma qabsoo siyaasa Oromoo keessatti gahee guddaa bahachaa turte kan dubbatu Obbo Fiqiruun, misooma qonnaa finiinsuutiin hiyyummaa seenaa taasisuuf haala qindaa’aa ta’een tattaafachaa jiru. Keessumaa ammoo aanichi midhaanota addaddaa omishuuf haala qilleensaa mijataafi lafa gabbataa waan qabuuf kutannootiin hojjechaa akka jiran himu. Midhaanota omishuun cinattis beeyladoota horsiisuurrattis bobba’anii fayyadamummaa isaanii mirkaneeffachaa akka jiranis ni dubbatu.

Rakkooleen misooma qonnaa keessa jiran hedduu ta’aniyyuu kanaan osoo hindaangeffamiin hojjechaa jiraachuu kan himan Obbo Fiqiruun, omisha garbuu misoomsaa jiranirraa tilmaamaan kuntaala shantama argachuuf abdii akka qaban himu. Hundarra ammoo kilaastara misooma jallisiitiin Jiddaa keessatti garbuu omishuun kan jalqabaa waan ta’eef hedduu itti gammaduusaaniis ibsu.

Kanaan booda mootummaarraa maal akka barbaadan gaafatamanii yoo deebisanis, “Jiddaatti sochiin misooma qonnaa baranaa walta’insaan hojjetamaa waan jiruuf baay’ee si’ataadha. Wayita ammaa garbuun nyaataafi biiraa omishamaa jirus bu’aa waliinii ta’uusaa kan agarsiisu waan ta’eef, caalaatti hojjechuuf kutannoofi qindoomina gaafata. Ta’us daandiin gandoota aanichaa walqunnamsiisu baay’inaan hinjiru.

Warshaaleen addaddaa akkuma Shawaa Kaabaattuu baay’ee muraasa waan ta’eef mootummaan dhaabbilee misoomaa waliin ta’uun irratti hojjechuu qaba” jechuun ibsu.

Hogganaa ittaanaan Biiroo Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuus sirna daaw’annaa omisha garbuurratti argamuun haasa’a taasisaniin akka naannichaatti barana waliigalaan midhaanota callaa kuntaala miliyoona 36 ol omishuuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Kunis qonnaan bultoonni waqtiilee arfanitti fayyadamanii misooma qonnaarratti cichanii akka hojjetaniif karaa kan saaqu waan ta’eef, akka carraa gaariitti fudhatamuu danda’eera jedhu.

Akka biiroosaaniittis wayitii kamittuu kilaastara misooma jallisiifi kan birootiin hojjechuun bu’aa qabeessummaansaa qorannootiin waan mirkanaa’eef omishaalee garbuu, qamadiifi boqqolloo, akkasumas kuduraafi muduraa hojjechuun barbaachisaa ta’uus eeru. Hundarra ammoo misooma qonnaa keessatti kilaastaraan omishuun callaa qonnaan bulaa guddisuunsaa waan itti amanameef mootummaan irratti xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru yaadachiisu.

Waggoota darban keessa godinni Shawaa Kaabaa omisha garbuu kilaastaraan omishee hinbeeku kan jedhan Obbo Geetuun, barana garuu si’a jalqabaatiif lafa fardeen garmaamaa turanirratti omisha garbuu nyaataafi biiraa kilaastaraan misoomsuun danda’amuu eeran.

Qonnaan bultootni aanichaa si’a jalqabanis shakkii guddaan isaan keessatti uumame ture. Ta’us ji’oota muraasaa booda biyyeen godinichaa garbuu omishuuf mijataa ta’uunsaa ijaan argameeraa jedhu. Kanaaf ammoo tumsi dhaabbileen misoomaa kanneen akka Giddugala Qorannoo Qonnaa Hoolataafi Warshaa Biiraa Asallaa olaanaadha jedhanii, kanaafis galateeffataniiru. Shawaa Kaabaatti kilaastara misooma jallisiitiin garbuu omishuun barana yaa jalqabamu malee godinaalee Arsiifi Baaleetti erga ittiin hojjetamuun bu’aa argamsiisuu jalqabee bubbuleera.

Akka ibsa Obbo Geetuutti, akka Oromiyaatti kilaastara misooma jallisiitiin garbuun nyaataafi biiraa godinaalee

saddeet keessatti hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, kunimmoo naannoon Oromiyaa qofti qamadii biyyootaa alaarraa biyyattiin bitaa turte misooma kilaastara jallisiitiin qofa qaawwa san haguuguun akka danda’amu muuxannoon argamuusaa kan mul’isuudha.

Misoomni kilaastara jallisii kunis guddina dinagdee biyyattii si’eessuu keessatti gahee guddaa waan qabuuf tumsa mootummaa federaalaas kan gaafatu ta’uu eeru. Mootummaan Naannoo Oromiyaa garuu qonnaan bultootni garbuufi midhaanota biroo akka omishan gochuu qofaa osoo hintaane walitti hidhamiinsi gabaa akka uumamuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuus dubbatu. Kanaanis Warshaa Biiraa Asallaa waliin waliigalteen raawwatameeraa jedhu.

Giddugala Qorannoo Qonnaa Hoolataatti Doktar Kaasahuun Zawudee ammoo qorataa olaanaa saayinsii aramaa yoo ta’an, Itoophiyaatti gaafiifi fedhiin warshaalee biiraas ta’e kan biroo daran dabalaa waan jiruuf omishoota addaddaa biyya alaatii galchuun ulfaataadha. Kanaaf ammoo omishaafi omishtummaa biyya keessaa guddisuun murteessaa waan ta’eef, misooma kilaastara qonnaa hojiirra oolchuun dirqama jedhu. Kunis keessumaa rakkoolee qonnaan bultootaa mara haala salphaa ta’eefi si’a tokkoon furuuf kan mijatudha.

Misoomni kilaastaraa qonnaa sanyiiwwan filatamaa ta’an iddoowwan mijataa ta’anitti haala qindoomina ogeessota fayyaa, qonnaan bulaafi dhaabbilee misoomaa eegeen hojjechuuf kan gargaaru ta’uus himu. Kunimmoo bu’aan qorannoo qonnaa, haaraa argamsiisuutiin gara eksiteenshinii qonnaatti dabarsuufi dhumarratti fayyadamummaan qonnaan bultootaa akka mirkanaa’u kan taasisu ta’uusaa dubbatu.

Dimshaashumatti, misoomni kilaastara qonnaa midhaanota walfakkaatan gara tokkootti walitti fiduufi paakeejiiwwan qonnaa guutuutti fayyadamuutiin facaasuu, akkasumas bu’aasaa ammoo waliin qooddachuu jechuudha. Qonnaan bultootni Jiddaas lafa gabbataafi haala qilleensaa mijataa qabanitti fayyadamuutiin omisha garbuu nyaataafi biiraa yeroo jalqabaaf kilaastara jallisiitiin misoomsanii bu’aasaa dhandhamachuuf fiixeerra gahuusaanii hubatameera.

(Suu

rri H

addu

sh A

brah

aatiin

)

Lafa fardeen irra garmaamaa turanitti omisha garbuu kilaastaraan misoome

Obbo Darajjee Taaddasaa Obbo Fiqiruu Hundee Obbo Geetuu Gammachuu

Page 14: MijuuAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et lakkoofsa bilbilaa 011-1-264208

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 15 Bara 2012 14ILAAMEE...

Waasihun Takileetiin

“Farreen federaalizimiitu Maqaleetti gale malee federaalizimiin sabdaneessaa asuma jira”

Biitti Itoophiyaa jedhamtu kun sirnoota gara garaan walaharkaa fuudhamtee olii gadi bubbutamaa

kan dhufte taatus isa kaan hoosisaa kaan akka dhala ormaa sagal boochisaa har’a geesseetti.

Biyyattiin bara sirna mototaan bulaa turtettis ta’e sirna fiiwudaalizimii keessa qonnaan bulaan lafasaarratti abbummaa dhabee, maqaa ciisenyaa jedhu itti moggaasuun hojjetee moototaaf galchaa tureera.

Sirna sana keessa mootiin waaqarraa muudama olola jedhuun lammiilee burjaajessuun saamicha qabeenyaa, humnaa qaqqabsiisaa qorqalbii lammiilee jaamsuun ilaalchaa dukkanaahaan umriisaanii dheerafachaa turaniiru. Sirna moototaa kana dabaree dabareen diiguu keessatti qaanqeen diddaa qabsaa’otaan qabsiifamaa ture walqabatee dhufuun kufaatii sirna moototaafi sirna dargiif sababa ta’eera.

Sirni nama nyaataa Dargii gaaffii lafaa hamma tokko deebisus warraaqsa “Idget Behibret” jedhuun qonnaan bulaa walitti hidhee misoomatti bobbaasus omishasaanii gatii gadi aanaan irraa bitee, bara eegee gatii qaaliin itti gurguruun lammiilee beelaaf saaxilaa tureera.

Kana malees mirga ofiin ofbulchuu lammiilee ukkaamsuun sirna mootummaa tokkee ijaareen sarbama mirga namoomaa, raawwachaa, kaan ammoo biyyaa baasaa umrii aangoosaa dheereffachuuf sochii taasisaa tureen qabsoo diddaa isa mudateen kufuu danda’eera.

Sirni ADWUI duraanii akkuma aangoo qabateen walqixxummaa sabootaafi sablammootaa nan dhugoomsa jechuun sirna federaalizimii diriirsee hojiitti galuun waggoota 27f biyya bulcheera. Federaalizimii sirnichi itti fayyadamaa jiruufi heerarra taa’e wayita ilaalamu walii lama ta’ee mul’achuunsaa ammas qabsoon diddaa akka dhohu taasiseera.

Kanarraa kan ka’e qabsoo hadhaahaa ilmaan cunqurfamoon taasifameen sirnichi raafama hamaa keessa galuu dandaheera. Qabsoo diddaa kana wajjin walqabatee aarsaa qaalii qeerroon Oromoo kaffale galmee seenaatu ragaa baha.

Dhalachuu humnoota diddaa qeerroon boodas kanneen akka ejjetoo, zarmaa, faannoofaa warraaqsichatti dabalamuun sirna maqaa federaalizimiin saamichaafi sarbama mirgaa namoomaa gaggeessaa ture sana hundeedhaa diiguun ofirraa gaggeessaniiru.

Diigamuu sirna kanaan booda paartiin jijjiiramaa amma aangoo qabate, Paartiin Badhaadhinaa ijaarsaalee farra dimokiraasii fakkeessitoota kanaan lafa qabatee ture, deemsaan diigaa umriin sirna ukkaamsaa sun akka gabaabbatu taasiseera. Sirni akkasii kun akka hindeebineefi lammiileen mirga ofiin of bulchuu akka qabaataniif

ijaarsa federaalizimii sabdaneessaafi dhugaa ta’e mirkaneessuuf hojiitti seenus shira harcaatotaan qormaata keessa seenaa jira.

Dhimma kana ilaalchisuun ittigaafatamaan sabqunnamtii ummataa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Taayyee Danda’aa tibbana Gaazexaan Baariisaa waliin turtii taasisaniiru.

Akka ibsasaaniitti, ADWUI’n haaromsa dura aangoorra ture sirna federaalizimiitiin biyya gaggeessaa ture jedhus faallaa sirnichaa deemuun hoggantoota naannolee ofii muudaa tureera. Ijaarsa federaalizimii sabdaneessaa keessatti hogganaa kan filatu ummatadha malee orma miti kan jedhan Obbo Taayyeen, sirni aangoorra jiru sun nama fedhasaa ummataaf muudaa ofii irratti ajajaa tureera.

Ofii muudaa ofii shaaraa adeemuun kunimmoo alseerummaa farra federaalizimiiti. Paartiin Badhaadhinaa aarsaa qaaliin argame hojmaata badaa akkasii kana dhabamsiisuuf kan hojjetaa jirudha. Sirnoonni maqaa federaalizimiin hanna, saamichaafi sarbama mirgaa gaggeessaa turanis jalqabbii kabachiisa olaantummaa seeraafi federaalizimii sabdaneessaa lafa qabachuuf adeemu gufachiisuuf humna cabee raata’een socho’aa jiru.

Humnoonni kun raacitii hannaaf saamichaa akkasumas sarbama mirgaa kaleessa qaqqabsiisaa turan isaan keessa jiruun paartii sirna federaalizimii sabdaneessaa lafa qabsiisuuf adeemu kana maqaa balleessuun lubbuu horachuuf dhama raasaa jiru. Kaleessa gaafa aangoorra turan mana hidhaa babal’isuun dargaggeessa kolaasaa, miilla muraa, qaama hir’isaa, reebaa, hiraarsaafi biyyaa baasaa turuu kaasu.

Biyya dimokiraasiifi federalizimiin bultu keessatti qaama hir’isuun, hoggantoota namaaf muuduun, anatu siif beeka

jechuuniifi qabeenya namaarratti ajajuun alseerummaa akka ta’e ka’ee hinbeeku. Har’a garuu alseerummaa kanaan dura raawwatamaa ture dhabamsiisuuf sochii Paartiin Badhaadhinaa taasisaa jiru farra federaalizimiiti jedhanii maqaa balleessuuf yaaluun maal yaadaniiti?

Jaarraa kana keessa hogganaa isaaf ta’u abbaatu filata malee namni namaa filee anatu siif beeka jedhu jira jedhanii yaaduunis ta’e ta’anii argamuun doofummaadha kan jedhan Obbo Taayyeen, dogoggora ABUT hojjetaa ture dhabamsiisuuf paartiinsaanii ciminaan hojjetaa jira.

Badhaadhinni, paartii ofii fidee ofii fixu osoo hintaane dimokiraasii babal’isuun lammiileen mirga ofiin of bulchuu akka qabaatan kan hojjetudha. Hanga ammaatti jalqabbii dimokiraasii babal’isuuf taasiseen humnoonni kanaan dura shororkeessummaan biyyaa baafamanii turan akka deebihan, hidhamtoonni akka hiikaman, fedraalizmiin sabdaneessummaa akka babal’atu ta’aa jira.

Harcaatonni faayidaan hannaaf saamichaa kanaan dura baran isaan jalaa goge deebi’anii dandamachuuf maqaa, “Olaantummaan seeraa cabeera” jedhuun deggartoota horachuuf yaalaa jiraatanis shirrisaanii irratti baramee diigamaa jiru.

Akka ibsa Obbo Taayyeetti, bara sirna ABUT dhalli namaa bakkeetti ajjeefamuu, mana hidhaa keessatti wayita miilli irraa muramu, qeensi irraa buqqa’uufi hiraarsaan irraan gahamu heerri mootummaa faalla’eera jedhamee gaafatamanii hinbeekan. Namni dhimma kanarratti gaaffii akkanaa gaafate gara jabummaa akkanaaf waan saaxilamuuf dhala namaa hiraarsuu dimokiraasii ittiin biyya hogganan godhatanii ilaalaa turaniiru.

Gochaan seermaleesummaafi farra dimokiraasii akkanaa kun akka hindeebineef Paartii Badhaadhinaa cimsee hojjetaa jiraachuullee kan kaasan yoo ta’u, sirni akkasii kana booda bakka kan qabu miti.

Wayita ammaa garuu farreen maqaa federaalizimiitiin daldalaa turan Maqalee riphuun yeroo hirmaannaa hawaasaan waa hundi akka furmaata argatu godhamu heerri diigame jechuun abukaatoo ta’uu

barbaadu. Kunimmoo heeraaf yaadamee osoo hintaane karaan hannaaf saamichaa cufamuusaan faayidaansaanii waan itti hir’ateef booyicha abdii kutanaati.

Paartiilee morkattootaa muraasa dabalatee namoonni tokko tokkos olola kijibaa miseensota ABUT Maqalee riphaniin afarfamu kanaaf gurra laachuun federaalizimiin isaan waliin Maqalee akka galeetti lakkaahaa jiru. Federaalizimii fakkeessummaa Maqaleetti lallabamu kana faarsuuf achi dhaquun dura inni dhugaafi lammiileen barbadaniif dhaabate isa kamidha isa jedhu beekuun gaariidha.

Paartiileenis ta’an namoonni olola ABUT kanaaf gurra kennuun federaalizimii barbaacha maqalee deeman kunneen Badhaadhinni sirna mootummaa tokkee ijaaruuf adeema jechuun dura kaleessa wayita sirna ABUT jala turan akkam akka turan osoo beekan gaariidha jedhu.

Paartiin Badhaadhinaa sirna mootummaa tokkee kan ijaaru osoo hintaane federaalizimiin sabdaneessaa ummata hunda walqixa hirmaachisuufi fayyadamaa taasisu akka lafa qabatuuf kan hojjetu yoo ta’u, sirnichi faallaa sirna mootummaa tokkee ta’uus dubbatu.

Federaalizimiin Maqaleetti fudhatamee gale yoo jiraate kan hannaaf saamichi itti gaggeeffamu, mirga sabootaafi sablammootaa kan dhiibudha kan jedhan Obbo Taayyeen, Paartiin Badhaadhinaa isa kana dhabamsiisuuf kutannoon socho’aa jira.

Har’as taanaan borus paartiinsaanii humnoota maqaa federaalizimii sobaan alseerummaa babal’isuuf kaataniifi faallaa dimokiraasii ta’aniif obsa hinqabu kan jedhan Obbo Taayyeen, federaalizimiin sabdaneessaa Maqalee osoo hintaane asuma jiraachuusaa hubatamuu qaba. Ummanni Tigiraayi ukkaamsaa ABUT jalaa bahuun akkuma obboleeyyansaa sabootaafi sablammoota kamiiyyuu mirgisaa eegameefii tokkummaa Itoophiyaa hedduminarratti hundaaheen akka jiraatu ta’a. Itoophiyaa haadha ilmaan sabootaafi sablammootaa 80 ol qabdu kana keessatti keessumattuu yeroo ummattootni marti mirga ofiin of bulchuu gaafachaa jiranitti sirni mootummaa tokkee ijaaramaa jedhamee yaadamuun hindanda’amu. Faallaa kanaa deemanii Itoophiyaa dirree jeequmsaa gochuuf kan watwaatan jiru kan jedhan Obbo Taayyeen, isaan kunis warreen kaleessa lammiilee hiraarsaa turan waan ta’aniif fudhatama isaan Itoophiyaanota biratti qaban hinjiraatu.

Walumaagalatti Itoophiyaan har’a keessa jirru biyya sabootaa, sablammootaafi ummattootaa 80 ol hammatte yoo ta’u, hunduu mirga ofiin of bulchuufi qabeenyasaarratti abbaa ta’uu gonfachuuf wayita qabsaahaa jirutti sirni mootummaa tokkee ijaaramaa jedhanii yaaduun dogoggora ilaalchaa deggarsaaf umrii hinqabnedha.

-Obbo Taayyee Danda’aa

Jaarraa kana keessa hogganaa isaaf ta’u abbaatu

filata malee namni namaa filee anatu siif beeka jedhu

jira jedhanii yaaduunis ta’e ta’anii argamuun

doofummaadha

Page 15: MijuuAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et lakkoofsa bilbilaa 011-1-264208

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 15 Bara 2012

SEENAAObbo Alamaayyoo HaayileeHayyuu Seenaa yoo ta’an wayita amma Gidduugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

Maddaafi qubsuma Oromoo

16

Kutaa afraffaaHaata’u malee seenaa Oromoo jaarraa 16fa seenaa ummattoota Kaaba Baha Afrikaarraa gargar baasnee ilaaluu hindandeenyu. Sochiin Booranaafi Bareentuu jalqaba jaarraa sana keessa eegale bu’aa hariiroo ummattoota jaarraa sana dura tureeti. Keessattuu hundeeffamni mootummaa Kiristaanaafi duulli daangaa babal’ifannaa jaarraa sadiif (13fahanga 16fa) gaggeessame addatti hortee Kuush irratti dhiibbaa olaanaa geessiseera.

Dhiibbaan sunis hortee Kuush addatti immoo Oromoo, kaabaa biyaa kanaa irra fageessu Hadiyyaafi Sidaamaa giddugaleessaafi Kibba Bahaa Itoophiyaarraa gara Kibbaatti dhiibeera. Ummata Oromoo jaarraa 16fa dura wiirtuulee siyaasaafi hawaasummaa Mormor, Katataa, Fugugiifi Odaa Nabee taasifatee Sirna Gadaan bulaa ture irratti sababa dhiibbaa siyaasaafi amantii irraan gaheef wiirtuu Gadaa Tuulamaarraa gara Kibbaatti akka jijjiirratan dirqisiiseera.

Dhiibbaan kun bara Oromoonni Warjii 896/7 amantii isilaamaa achitti babalisanii eegalee hanga bulchiinsa Mooticha Zaaraa Yaa’iqoob (1434-1468) waan itti jabaateef Oromoon bara 1449 Madda Walaabuutti Sirna Gadaa haaromsatee diina cabsuun walabummaa gaggeesseera. Baruma kana waraanni mootichaa Oromoota sirna Gadaan bulaniifi mootummaa Ifaat, Sidaamaafi Hadiyyaa irratti waan cimeef Ifaat mootii isaa Ahmad Badley yeroo dhabu Oromoon kiristinaatti makaman, Sidaamaafi Hadiyyaan mootichaaf gabbaruuf dirqamaniiru.

Seenaan sochii ummata Baha Afrikaa yoo xiinxalamu keessattuu Itoophiyaa keessatti sochiin ummataa irra caalaa jaarraa 16fa dura Kaabarraa gara Kibbaatti yoo ta’e jaarraa 16fa tii eegalee garuu Kibbarraa gara Kaabaatti yookaan Baharraa gara Lixaatti ture. Kunis jaarraa 19fairraa eegalee hanga har’aatti sochiin ummataa Kaabarraa gara Kibbaatti raawwatame.

Ethiopian history has a particular tendency to repeat itself. The military exploits of King Amdii-Siyon strongly remind one of the great achievements of the Aksumite kings Ezana and Kaleb on whom he seems to have modeled himself. More recently, in the nineteenth century.

The extensive conquests and expansion of Amdii-Siyon were dramatically re-enacted by Emperor Minilik who, just like his fourteenth century predecessor, had the Shewan plateau as the center of his military activities. It remains to be seen, however, whether Minilik and his successors have been more successful than their medieval counterparts in the essential task of building an Ethiopian nation.

Kana jechuun duulli daangaa babal’ifannaa jaarraa 16ffaa duraafi jaarraa 19ffaa boodaa akka walfakkaatu ibsa. Kunis hortee Kuushiif mootummoota Afrikaa Bahaarratti dhiibbaa akka irraan geessise xiinxaluun hin ulfaatu. Adeemsa kana keessatti ta’a egaa wiirtuun Gadaa Oromoo Odaa Nabeerraa gara Odaa Roobaa sanarraas gara Madda Walaabuutti kan jijjiirame. Kana jechuun immoo ummata Oromoo hundatu wiirtuulee Gadaa waliin

godaane jechuu miti.

Fakkeenyaaf teessoon mootolee Mootummaa Kiristaanaa yoo xiqqaate waggoota dhibba sadiifi walakkaaf dhaabbataa hin turre. Bara hundeeffama bulchiinsa dhaalaa Salamoonawaa (1270) eegalee hanga hundeeffama Gondoritti (1636)tti wiirtuun bulchiinsa mootummichaa iddoo tokkorraa gara iddoo birootti socho’aa ture. Kun immoo sababa bulchiinsa tasgabbaa’e hundeessuu dadhabaniifi fedhii daangaa babal’ifannaa waliin walqabateeti.

Sababni inni tokkoffaan akkuma Baahireen ragaa bahe bulchiinsa cimaa akka hin ijaarre gufuu isaanitti ta’eera. Sababni inni lammaffaan immoo mootummaan Kiristaanaa abboomuu waan barbaaduuf ummata olloottan isaa waliin diina yeroo dheeraa akka ta’u taasiseera. Seenaa kana waliin walqabatee wiirtuuleen Gadaa sababoota uumamaafi namtolcheetiin iddoodhaa iddootti yoo socho’e taatee seenaa Oromoo keessatti qofa raawwate miti.

Akka ragaaleen tokko tokko ibsanitti, Oromoon jaarraa 16fa naannoo lageen gurguddoo kanneen akka Mormor, Awaash, Gibeefi Gannaalee akka jiraachaa ture himama. Kun immoo daangaan yoo xinnaate Kaabaan Laga Abbayyaa gara Kibbaafi Bahaatti, karaa Bahaa naannoon Awaash, karaa Kibbaa naannoon laga Gannaaleefi Lixaan naannoon Gibee biyya Oromoo akka ta’e tilmaamuun hin ulfaatu.

Qubsumniifi qabiyyeen lafa Oromoo yeroo ammaa mul’atu seenaa haaromsaa Sirna Gadaa jaarraa 15fafi sochii konfedereshinii Booranaafi Bareentuu waliin wal haa qabatu malee sochii Booranaafi Bareentuu dura Oromoon dachee Oromoo daangaalee eeraman kanneen irra hinjiru jechuu miti.

Qubsumni gosoota Oromoo gurguddoon keessattuu haala teessuma lafaafi lageen gurguddoo Oromiyaa kan akka Gooliina Mille, Awaash, Gibee, Gudar, Gannaalee, Dawwaa, Dhidheessa, Daabus Lagaa Xaanaa akkasumas Mormor waliin ta’uunsaa beekumsa Oromoon iddoowwan kanneeniif qabu mul’isa. Oromoon ummata yeroo dheeraaf beellada horsiisuufi midhaan oomishuun jiraataa ture

waan ta’eef iddoon biyyee lafa bishaaniin badhaadhe daran barbaachisaa ture.

Qubsuma Oromoo Itoophiyaafi Keeniyaa keessa jiru

Maddi: Asmaroom Laggasaa (2000)

Oromoo qubata duraa Afriikaafi tamsa’ini isaas Kaabaa hanga Bahaa akkasumas hanga Kibbaati kan faca’eedha. Kaartaan asirratti mula’atu kunis yeroo ammaa qabiyyee Oromoon irra jiruufi iddoo afaaniifi aadaansaa itti mul’atuudha

1.3 Hariiroo Oromoofi Saboota Afrikaa Bahaa

Ardii Afrikaa keessatti hundeeffama mootummaa waliin walqabatee hariiroon saboota gidduu ture haala jijjiirrachaa deemuu isaa qorattoonni seenaa ni ibsu. Hariiroon saboota gidduu bara hundeeffama mootummootaa duraa ture amala jijjiirrachuun gareen gurmaa’inaafi humna qabu garee laafaafi gurmaa’ina hinqabne qabeenya irraa saamuuf sirna gabroomsuutti cehe. Kunis haalaafi iddoo adda addaatti amala garaagaraa haa qabaatu malee ardii Afrikaa guutuu keessatti mul’ateera.

Mootoleen Afrikaa keessatti hundeeffamuun hariiroo Awurooppaanotaa argataniifi meeshaa waraanaa harka galfatan garee laafaafi gurmaa’ina siyaasaa hinqabne salphaatti to’achuu danda’aniiru. Seenaa Afrikaa Bahaa bara giddugaleessaa yoo ilaallu, seenaa waldorgommii daangaa babal’ifachuufi hariiroo biyya alaa qabaachuu ture. Afrikaa Bahaa bara giddugaleessaa kan adda taasisu bulchiinsaafi ijaarsa mootummaa keessatti amantiin qooda guddaa qabaachuu isaati.

Amantiin Kiristaanaa qaama mootummaa Abisiiniyaa yoo ta’u, Amantiin Islaamaa bulchiinsa mootummoota Islaamaa Amiirota keessatti ulaagaa tokkummaafi daangaa babal’ifannaa ture. Yeroo sanatti hawaasni sirni walfakkaatuufi bulchiinsa tokkummaawaa hinqabaanne weerara garee amantiin qindaa’eef saaxilamaniiru. Kutaa kana keessatti hariiroo saboota Afrikaa Bahaa toora seenaa kana keessatti ilaalla.

Afrikaa Bahaa keessatti walitti dhufeenya Oromoon saboota kan biroo waliin qabaataa ture bifa lamaan ilaaluun ni danda’ama. Kunis walitti dhufeenya nageenyaafi walitti bu’iinsa irratti hundaa’e. Aadaan ummata tokkoo akkaataa walitti dhufeenya ummanni sun ummata kan biroo waliin qabu murteessa. Haalli jireenya saba sanaa, qabeenyi, fedhiifi ijaarama hawaasummaa, seenaafi kan kana fakkaatan sabni tokko hariiroo nageenyaa yookaan diinummaa saboota ollaa waliin akka qabaatu taasisuu danda’u.

Kutaa kana keessatti walitti dhufeenya Oromoon saboota Afrikaa Bahaa keessatti jala bultii waraana buttaa jaarraa 16fafi isa booda qabaataa ture ilaalla. Hariiroo yeroo adda addaafi haala adda addaa keessatti

diinummaafi michummaa uumamuu hinoolu. Walitti dhufeenyi kunis seenaa siyaasa Afrikaa Bahaa keessatti iddoo olaanaa qaba.

Bu’aa aadaan Oromoo ijaarama biyya Itoophiyaa ammayyaa keessatti qabu barreeffama kan biroo keessatti ilaalla. Kutaa kana keessatti garuu baroota waraana buttaa jaarraa 16fa duraafi sanaan boodaa keessatti qabsoo Oromoon gaggeesseefi adeemsa haaromsuu irratti xiyyeeffanna.

Garee Oromoo Sirna Gadaa Madda Walaabuutti haaromsate darbees gurmuu yookaan konfedereesii Booranaafi Bareentuutti wal ijaaree duula walabummaa eegale yeroo sanarraa eegalee Sirna Gadaa keessatti olaantummaa bulchiinsaafi aadaa akka qaban himama. Olaantummaa aadaafi siyaasaa ilmaan konfedereesii Booranaafi Bareentuus bulchiinsa Sirna Gadaa jaarraa 16fa boodaa keessatti akka calaqqisaa ture ragaan seenaa ni ibsa.

Booranni akka qulqulluuttiifi hangafaatti yoo ilaalamu kan Boorana hin ta’iin sadarkaan lammummaa isaafi gaheen Sirna Gadaa keessatti qabu gadi aanaadha. Kun immoo Barreentuma keessatis kan raawwachaa ture yoo ta’u, caalmaatti konfedereesii Booranaa keessatti hanga yeroo dhiyootti ni mul’ata. Akka qorannoon tokko tokko ibsutti, Saglan Booranaafi Torbban Bareentummaa naannoo Madda Walaabuutti tokkummaa qabaachuu irraa kan ka’e dandeettii waraanaan baay’ee cimoo turan.

Kanaafis yeroo gabaabaa keessatti sirna Guddifachaafi Moggaasaan kooluufi Meedhachaa akkasumas Hirkifataafi kooluu miseensa baay’ee akka itti horatan dubbatama. Dandeettii kanaan immoo ummattoota naannoo isaanii yeroo gabaabaa keessatti to’achuufi gabbarsiisuu danda’an. Ummattoota ofitti dabalanis Boorana qulqulluu ykn warra seeraafi heera qaban irraa addaan baasuuf maqaa Gabra jedhu itti moggaasan jedhama.

Gabra yookaan Gabaroon baay’ina akka qabu himama. Kanaaf ilmaan Maccaafi Tuulamaa biratti Saglan Booranaa, torban Baarentummaa, Sagaltama Garbaa yoo jedhamu Boorana Kibbaa biratti baayye hin beekamu. Saglaan Booranaa kun garuu bu’uura waraanaa akka ta’e himama. Kunis baay’ina namoota Oroomsanii (Moggaasanii) ibsuu akka hinoolle dubbatama. Kunis adeemsa Oroomsuufi hariiroo ilmaan Booranaa Orom Duroo waliinis ta’e ummattoota kan biroo waliin qaban irratti dhiibbaa guddaa qaba.

Sirni kunis hawaasa Oromoo keessatti hariiroo hawaasummaaf bu’uura ta’eera. Haata’u malee, ilmaan Gabraa (Gabaroo) hangafummaa dhabuurraa kan hafe akkuma ilmaan Booranaa mirga kamuu qabu. Adeemsa Oromoomsuu keessatti guddifachaa ykn moggaasaan sirna tokko gooftaa kaan immoo garba taasisu miti.

Miseensi guddifachaan hawaasa Oromootti makame mirgoota miseensummaa guutuu qaba. Gaheen Saglan Booranaa bulchiinsaafi aadaa hogganuu yoo ta’u, ilmaan Gabraa miseensummaa Gadaa keessatti qooda wal qixaa qabaatu. Gama biraan Oromoon Gabraa Gadaa ofiis akka qabu amma ifa ta’aa dhufeera. Kunis qorannoof banaa ta’uu qaba jenna.

Page 16: MijuuAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et lakkoofsa bilbilaa 011-1-264208

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 15 Bara 2012

YAADA BILISAA17

Dachaasaa Roorrootiin

Maalummaa afoolaa yunivarsiitittan dhagahee; baradhe. Amma afoolli maali? jedhee gara hiikasaatti hin seenu. Seenus keessaa bahuun rakkoo waan ta’eefi. Garuu gosawwan afoolaa keessaa mammaaksa ilaalchisee yeroo hunda yaada tokkotu sammuutti na dhufa; waan barsiisaan keenya kutaa keessatti waggaa soddoma dura nutti hime. Barsiisan kun dhalootaan nama gara Harariiti. Afaan Oromoo loqoda Harar sirriitti beeka. Garuu dhalootaan Oromoo natti hin fakkaatu. Waa’ee mammaakaa yoo kaasu jiraattota Harargee kan inni ‘qottuu’ jedhuun (‘qottuun’ maqaa jarri Oromoo gargar ittiin qooduuf Oromoota gara bahaatiif moggaasanidh) osoo maqaa hin dhahin bira hin taru. Mammaaka Oromoota Harargee garmalee ajaa’ibsiifata ture. Wantisaan mammaakan hiikoo falaasamaa guddaa akka qabu nutti himu ture. Barsiisaan kun hayyuu biraa wajjin ta’uun mammaaksa kana walitti qabanii qorachuun Joornaalii Qo’annoo Xoobbiyaa ‘ Journal of Ethiopian Studies’ jedhurratti maxxansiisuusaa nan yaadadha. Namni kun jechi amaariffaa ‘ቋቋቋ’ jedhu jecha Afaan Oromoo ‘qoonqoo’ jedhurraa dhufe jedhee nama falma ture. Anillee ergasii as yaadni nama kanaa sirriitti naaf gale. Dhugumaayyuu gadi qabanii yoo qoratan jechoonni Oromoo hiika yaada gadifageenyaa akka of keessaa qaban hubatama. Akkuma weellisaa kabajamaa Alii Birraa jedhe hiibboofi mammaaksi ummata kanaa waraabamee hin dhumu. Yaadrimeen isaaniis kan falaasama guddaa of keessaa qabaniifi ilaalcha ummata kanaa calaqqisanidha, kan falaasama ummanni kun addunyaa ittiin mil’atuufi ittiin hubatu of keessatti haammatu. Dubbiin akka sammuu namaa seentu yoo barbaadan mammaaksaan koobu; silaahuu mammaaksi koobaa dubbiiti kan jedhanis isaanumaa mitiiree? Haalli Oromoon yaadrimeewwan hiikoonsaanii cimtuu ta’an ittiin dabarfatu mammaaksa qofaa miti. Sheekkooniifi durduriin isa biraati, kan yaadrimee tokko ittiin daa’ima ykn nama guddaas barsiisan. Jechoonni (sayings) hedduun hiika gadifagoofi falaasama ofkeessaa qaban madda qorannoo saayinsaawaa ta’uu ni malu. Anis jechoota kanneen keessaa har’a jecha ‘bunaaf nagaa hindhabinaa’ jedhu ilaalufin yaala. Jecha kan daa’imummaa kaasee dhagahaan guddadhe. Namaan maaliif buna hin dhabinaa jedhama? Maaliif nagaan hawwamaaf? Jecha kana keessasaa osoo diiganii ilaalanii maal irraaa hubatu? Mee haala jiruufi jireenya ummata kanaa waliin walqabsiisaa walumaan ilaalaa haa deemnu. Gara Tuulamaa kanatti. (Showaa jechuu hin barbaadne.) Keessummaan yoo karaatti namatti dhufe ykn dallaarraan nama waamee dura nagaa walgaafatu; nagaa Waaqayyoo. Hubadhaa; nagaan kan namaatii miti jechuudha; kan Waaqayyooti malee. Isaan booda namni mana dhihoo ‘goraa buna’ dhugaa jedha. Yoo dallaarraan kan waldubbisan ta’e abbaan qe’ee ‘seenaa buna dhugaa’ jedha. Midhaan nyaadhaa; bishaan dhugaa hin jedhamu; midhaan nyaachuufi

waa dhuguun booda jiraatullee. Kan jedhamu ‘ buna dhugaadha’. Keessummaan ykn goree buna dhugee eebbisee deema; ykn osoo buna hin dhugiin eebbaan darba. Maal jedhee? “bunaafi nagaa hin dhabinaa. Mana jabanaan dhaabate nageenyi haa dhaabatu.” jechuudhaan. Inni goree buna dhuges haaluma kanaan eebbisa. “Bunaaf nagaa hin dhabinaa“gaafa jedhamu salphaa fakkaata; waan guyyaa guyyaan dhageenyuuf. Garuu mee yeroo xiqqoo fudhadhaatii jecha kana gadi fageessaa ilalaa. Maaliif midhaan hin dhabinaa hin jenne? Maaliif horii hin dhabinaa jechuu dhiisanii buna filatan. Nageeny hoo maali? Nagaa argachuufi dhabuun akkamitti ilaalama? Nagaa keessoo ofii- nagaa sammuufi nagaa lubbuu (peace of mind & soul ?) Nagaan hagam nama dhuunfaatii barbaachisa? Nageenyi hawaasa naannawaa ofitiif hiikoo maal qaba? Nagaan biyyaaf maali? Kun hundi jecha ‘nagaa’ jedhu kana keessatti argama. ‘Nagaa hin dhabinaa’ jechuun hiiknisaa hanga galaanaa akka bal’atu; hanga cirrachaa akka baayyatu jecha kanarraa ni hubatama. Nagaa jechuun jibbarraa (hostility) bilisa ta’uudha. Nageenyi bilisummaa (freedom) dha. Nageenyi jeequmsa (vilonce) irraa walaba ta’uudha; jireenya gammachuu gaggeessuu. Ummanni kun garaa garummaa nagaa qabaachuufi nagaa dhabuu sirriitti adda baasee beekuu isaallee jecha kanarraa ni hubatama Maatiin nagaa hin qabne maal ta’a? Ollaan nagaa dhabe hoo hanga namas ofis jeequ hubadhaa. Biyyi nagaan irraa fagaate maal taati? Somaalee olla keenyaa jirtu mee yaadan dhaqaa daawwadhaa; Suundaan Kibbaa. Siriyaa waraanaan diigamtee kalaqniifi qaroominnishii biyyoo fi jijjigdoo gamoo jala ooleera. Bunaaf nagaa hin dhabinaa jechuun kanarraa nama baraara. Jechi kun fedha Oromoon nagayaan jiraachuuf qabu agarsiisa. Ummata ollaasaa waliin nagayaan jiraachuuf fedhii guddaa qabu ta’uusaa mul’isa. Ummata nagaa jaalatu ta’uusaa ragaa baha. Aadaan moggaasaafi guddisaa ummanni kun qaama biraa ittiin ofitti madaqsullee nageenyuma kana mul’isa. Dubbiin hamtuu taatee yoo lolatti/waraanatti seenee diina booji’e hin ajjeesu. Fuudhatee gala, ofitti moggaasee maatii taasifata. Akka seera addunyaa bara qaroominaa keessa bahetti, nama waraanarratti booji’ame ajjeesuun dhorkaadha. Oromoon garuu duudhaa kana dhalootaa dhalotatti dabarsaa ture, addunyaa qaroomte dura. Namni akka nagaa dhabu waan hin barbaanneef. Isinillee bunaaf nagaa hin dhabinaa. Afoola biraa kan ilaalcha Ooromoon naagaf qabu calaqqisiisu asumaan xuqee haa darbu. Nama midhaan dhahutti yoo dhufame nagaa eddii gaafataniin booda ‘Oodiin haa baraktu’ jedha.Midhaan dhooftuun baraakaa siif haa argatu ykn barakata soor bara hamaa bahi jedha. ‘Maalumaafuu ilaalcha( world outlook) Oromoon addunyaa kanaaf qabu jecha kana keessatti hubadhaa. Hayyonni dhimma kanarratti kana caala jechuu danda’u. Maaluumaafuu ‘ qe’een Oromoo har’as borus nagaa hin dhabinaa. Ameen!Nagaan waan hunda dursa. Kanaafan dura aanse malee jecha ‘bunaaf nagaa hin

Bunaafi nagaa hindhabinaa

dhabinaa’ jedhu keessatti bunnis jecha hiika bal’aa qabudha. Bunni Oromoof maali? jettanii gaafattanii beektuu? ‘Buna hin dhabinaa’ maaliif jedhama laata? Waan kana baayeen of gaafadhe. Namas gaafachuuf yaaleera. Osoon gaggaafadhu waa lama arge. Tokko afoola re’ee Kaaliid isa Jimmaa biyya Abbaa Jifaar Coocee jiruudha. Kan biraa durdurii barreessan ‘Bartels’ jedhamu Oromoorraa dhagahe jedhee barreesseedha. Kana bira darbee ija buna duudaa dhadhaadhaan affeelanii qalan sun, buna qalaan, nyaata qofa jedhamee kan fudhatamu miti. Bunni danfisanii dhuganillee araada qofaa irra taree hiika of danda’e qaba. Mee waan tokko tokko qola keessaa baasnee haa ilaallu. Afoolli tokko buna kan argitee namatti agarsiiste re’ee nama Kaaliidi jedhamuuti jedha. Afoola kana Jimma keessatti dhagahuun haaraa miti. Kan biraa falaasama Oromoo kallattii lixaa warra buna biqilchaniiti. Akkas jedha; akka hayyuun ‘Bartels’ jedhamu barreessetti. “Waaqatu nama uume. Akkuma Addaamii fi Hewaan ykn Adamii fi Hawwaa sana namni kunis dogongore; Waaqayyo mufachiise. Waaqayyos itti dheekkamee bira taree deeme. Yeroo booda Waaqayyo karaa sana yoo deebi’u namichi sun du’ee Waaqayyos reeffasaa argee gaddaan imimmaansaa cobsiise. Bakka imimmaan Waaqaa bu’e sanatti bunni biqile” jedhama. Kanaaf, falaasama Oromoo keessatti bunni Waaqan walitti hidhama; Afuurri Waaqaa akka keessa jiru mul’isa. Gama kanaan yoo ilaalame bunni nyaata qofaa miti. Bunni ija mukaa dhuganii araada ittiin bahan qofas miti. Bunni qoricha ta’ullee hiikoonsaa kana biras ni darba. Muka bakka imimmaan Waaqaa bu’erraa biqileedha.Waaqayyommoo uumaadha; nagaadha, fayyisaadha jedhamee fudhatama. Kanaaf ‘bunaafi nagaa hindhabinaa’ jechuun afuura Waaqayyoo hin dhabinaa jechuu ta’aa laata?Buna qalaanillee, aadaan oromoo beekamaan; buna nyaataaf oolchuu bira taree hiika nagayaa, hawaasummaafi amantaa waliin walqabatu keessa jira. Gaafa bunni qalamu nagaatu waliin kadhatama. Waaqatu waliin kadhatama. Oromoon gaafa ayyaana bulfatu bunaan milkii akka ilaallatus dhgaheera. Yeroo sagantaa ayyaanaa kana akkuma buna qalaa sana ijji buna duudaa akaayamee dhadhaatti naqamee coocoo keessatti ayyaantuun ilaalama ykn dubbifama. Buna ija sagal warri jedhan ni jiru. Tokko keessaa mootiidha. Kuun itti marsee Isa kanatu

dubbifamee milkiin nama sanaa himamaaf. Gama kanaan bunni ija mukaa milkiin ittiin dubbifamuudha. Kun falaasama milkaa’uufi milkii dhabuuti jechuu danda’amaa laata? Gama biraan bunni dinagdee bakka bu’uu danda’a. Akka ammaa kana osoo alatti erguun hin jalqabamin daggalaa keessaa guuramee kan gurguratee ykn midhaan geeddaratee itti fayyadama, yoo mataan nama dhukkubellee bunni qorichamanas ho’isa, dubbii mi’eessa.Bunni hawaasummaa ni cimsa ,buna dhugaa dhimma hawaasummaasaaniirratti mar’atu. Furmaatas ni barbaaduuf. Kanaaf Oromoon buna hin dhabinaa jechuun buna afuura Waaqayyoo, milkii, dinagdee jireenya hawaasummaa wajjin walqabsiisee waan ilaaluufi. Har’as borus waaqayyo Oromoo bunaaf nagaa hin dhabsiisiin jenna. Akka waliigalaatti jechi kun yaada, falaasama, akkasumas ilaalcha Oromoon addunyaaf qabu agarsiisa. Calluma jedhamee buna dhugaa yoo jedhame bunaaf nagaa hin dhabinaa hin jedhamu. Ogeessonni qo’annoo guddaa osoo irratti taasisanii guddaa natti tola. Anillee hanga beekumsaafi humna kiyyaa itti deemuun yaada. Akkuman seensarratti kaase jechoonni Oromoo falaasama hedduu of keessaa qabu. Garuu qoratamanii addunyaatti hin baane. Sirna gadaa wajjin falaasama siyaasaafi dinagdee akkasumas hawaasummaa guddaatu jira. Buna qalaa keessa falaasmani cimaa waan jiruuf dhawata dhawataan addunyaatti gadi bahee mul’achuunsaa hin oolu.Isinillee bunaafi nagaa hindhabinaa. Torban gaarii!

Page 17: MijuuAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et lakkoofsa bilbilaa 011-1-264208

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 15 Bara 2012 18

Fuulli kun walta’iinsa Giddugala qoranoo qonnaa Itoophiyaafi Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiin torban torbaniin kan dhihaatuudha

Nama ta’aanii namaaf jiraachuun hariiroo waliin jiraachuufi walgargaaruun dhala namaaf kan

kennameedha. Ministerri fayyaa Itoophiyaa sababa dhibee koronaatin hanqina dhiigaa waldhansa tajaajila fayyaa kennaa jiraniif muudachaa waan jiruuf namni kamiyyuu dhiiga kennuu akka qabu waamicha dabarsee kan yaadatamuudha.

Dhibeen koronaa talalliis ta’e qoricha kan hinqabne ta’uusaatiin biyyoota Addunyaa biratti rakkoo hawaasummaa, siyaasaafi dinagdee ta’ee jira. Haalli kunis biyya keenya keessattis mullachaa jira. Haata’uutii garuu ittisaafi to’annoo vaayirasii wajjin walqabatee dhaabbileen fayyaa tajaajila waldhaansaaf dhigaa barbaachisu argachaa hinjiran. Vaayirasiin koronaa fayyaa namoota hedduuf sababa ta’aa waan dhufeef dhaabbileen fayyaa too’annoo taasisuuf halkaniifi guyyaa hojjachaa jiru.

Akka biyyaattis rakkoo jiruuf furmaata kennuuf ministerri fayyaa waamicha hawaasni ofeeggannoo vaayirasii koronaaf taasifamaa jiru gargaaramuudhaan dhiiga kennuu akka qaban erga dabarsee, ministeerri muummee Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahamad dursa fudhachuun waldhaansa fayyaa namoota dhiiga barbaadaniif dhiiga kan kennaan yommuu ta’u hoggansi bulchiinsa mootummaa naannoo, haayyonni, bektootni, artistootni, atileetonni, paartileen siyaasaafi

Lubbuu namootaa baraaruufi waldhaansa fayyaa kennuuf hirmaannaa hawaasaa cimsuu qabna

h a w a a s n i m a r t i hirmaachaa jira.

Yeroo ammaa kana sababa d h i b e e koronaatiin h a n q i n a dhiigaa jiru f u r m a a t a l a a c h u u f hirmaannaa h u n d a keenyaa kan gaafatuudha. Namoonni baay’een balaa adda addaan waldhaansa isaan barbaachisu argachuuf ammoo dhiigni dirqama barbaachisa. Maaliif jennee yoo gaafanne yeroo miidhaan isaan qaqqabu dhangala’uu dhiigaatiif waan saaxilamaniifiidha.

Haata’uutii garuu tamsa’ina dhibee koronaatiin kan ka’e namootni baay’ee manasaanii keessa akka jiraatan waan taasifameef akkasumas kanaan dura dhiiga waldhaansa haadhooliif barbaachisu kan waliitti qabamaa ture yeroo baay’ee manneen barnootaa keessatti yoo ta’u, manneen barnootaa cuufamaniru. Kun ammoo dhiiga barbaachisu walitti qabuuf dhiibbaa uumeera. Rakkoo kanaaf furmaata laachuudhaaf ministeerri fayyaa waamicha

d h i h e e s s e e r a . Waliif jiraachuu keenya yeroo biyyattiin rakkoo yeroo keessa galtu hawaasni marti waamicha kanaaf furmaata ta’uu qaba.

Gama biraan namni dhiiga laate tokko waggaa lama sadii booda ragaa

isaa barbaachisu yommuu gaafatu waan hin argamneef akka haar’aatti galmaa’uuf ni dirqama. Sababa kanaatiin ammoo namootni dhiiga kennuuf fedhii guddaa qabaniif rakkoo ta’ee jira.

Itoophiyaa keessaatti tajaajila dhiigaa kennamuu wajjin walqabatee wantoota ulfeessan keessaa inni tokko ilaalchiifi beekumsi hawaasni qabu xiqqaachuudha. Tamsa’inni dhibee koronaas ilaalcha hawaasa bira jiruuf rakkoo dabalataa ta’ee jira, sababiinsaa dhibeen koronaa dhibee haama vaayirasiin dhufuufi haalli nama tokkorraa gara nama biraatti daddarbuusaa walitti dhiheenyaafi waltuutuqqiinsaan waan ta’eef hanqina fedhii dhiigaaf rakkoo biraadha.

Akkaataa odeeffannoo waldaa fayyaa Addunyaatiin biyyi tokko dhiheessiifi tajaajila dhiigaa gaarii qabdi kan jedhamu baay’ina ummaataa qabdu keessaa harki tokko yoo dhiiga kenne qofaadha. Kana jechuun Itoophiyaan baay’ina ummataa qabdu keessaa ummatni miliyoona tokkoo ta’u dhiiga kennuu qaba jechuudha. Haata’uutii garuu waggaa tokko keessatti dhiigni sassaabamaa jiru yuuniitii 223 kan hincaalleedha. Kun ammoo akka waldaa fayyaa Addunyaatti yeroo ilaalamu baay’ee xiqqaadha.

Hawaasni baay’een ilaalacha dogoggoraatiin kan ka’e dhiiga barbaachisaa ta’e argachuun hin danda’amne. Sababnisaas namni tokko yeroo dhiga kennu wantootni qaamasaa keessaatti argaman ni xiqqaata yaada jedhu qabaachuu, haawasa biratti baankii dhiigaa jechuun iddoo kuufama dhiigaa baay’een itti argamu waan ta’eef yeroo dheeraaf kan tajaajilu dhiiga gahaa qabu jechuun rakkoodha. Kun ammoo dhibee koronaa wajjin walitti yeroo dabalamu hanqina dhiigaa duraan jirurratti feedhii dhiigaa waldhaansa fayyaaf barbaachisuuf guufuu ce’umsaaf hojjachuun hirmaannaa hawaasaa akkasumas miidiyaalee fayyadamuun hawaasa barumsa bal’aa kennuun rakkoo hawaasummaa kana keessaa bahuuf hundi keenya yaa hirmaannun, fayyaa namaaf waliin yaa tumsinuun ergaa keenya.

Wandimmaagenyi Ashabbiriin

Qo’annoowwan damee qonnaatiin gaggeeffaman faayidaan isaan damicha qaroomsuuf qaban baayyee olaanaadha. Wiirtuu qorannoo qonnaa Kibbaa jelatti kan argamu wiirtuun qorannoo qonnaa Arbaaminci qajeelfamaafi teeknooloojii fooyyessa oomisha minaanota adda addaafi kudraawwanii ilaalchisee qo’annoowwan ballaa taasisee ragaa qotee bulaafi qo’attootaaf ka’umsa ta’uu danda’u baaseera. Qajeelfama kana ka’umsa godhachuudhaan kanaan dura oomishtummaa boqqolloo fooyyessuurratti firiiwwan argaman walitti qabuun isin dubbisiisuun keenya ni yaadatama. Maxxansa keenya hardhaatiin immoo teeknooloojii oomishtummaa boqqolloo ilaalchisee akka armaan gadiitti isinii dhiheessineerra.

Qophii Maasaa

Oyruun boqqolloodhaaf qophaa’u haala gaariidhaan kan bullaa’eefi kan sirraa’e ta’ee, akka gosa biyyoosaatti yeroo sadii hanga shaniitti qotamuu danda’a. Qonni jelqabaa akka minaan irra ture sassaabameen utuu ooyirichi jiidhinasaa hinfixatin, inni lammaffaan jelqaba rooba ittaanee roobuurratti akkanumas qonni sadaffaasaa jiidha sanyiidhaaf fayyadu saammachhuuf yeroo gogaatti qotanii facaasuudha. Naannoowwan biyyoo asiidawaa yookaan komoxoxxaa qabaniitti ammoo xaa’oo uumaafi namtolchee hojiirra oolchuuf nooraadhaan walaanuun barbaachisaadha.

Yeroo facaasaatii ammaa sanyiifi mala

Teknoloojii omishtummaa Boqqolloofacaasaasaa

Yeroon sanyii akka haala naanichaafi jelqaba roobaatti kan ilaalamuudha naanawa boqqolloo biqilchan Baddaafi Badda dareetti yeroon arfaasaa. Guraandhala shanii hanga Guraandhala15tti faca’uutu filatama. Yeroo gannaa Bitoottessa shanii hanga Hagayya 20tti faca’uu kan qabu yoota’u, naannoo boqqolloo biqilchan Gammoojjiitti ammoo harka caalaadhaan Guraandhala 20 amma jelqaba Eblaatti yeroo roobni eegaletti facaafama. Oyiruu sirriitti qotamee laaferratti sarara gidduutti ballina seentiimeetira 75n, minaanota gidduutti ammoo seentiimeetira 25 irratti facaasuun lafa haalaan fayyadamuudhaan oomishti fooyya’e akka argamu taasisa.

Gadifageenya sanyii – akka gosa biyyootti kan adda baafamu yoo ta’u, sanyii boqqolloo gadi fageenya saantii meetira shaniirraa hanga saantii meetira 12tti facaasuun ni danda’ama.

Fayyadama xaa’oo

Naannoo yaadni gorsaa kaa’ameef akka yaada gorsaa kaa’ameetti fayyadamu yoota’u, naannoo yaadni gorsaa hin kaa’aminiif ammoo qindoominni naayitiroojiiniifi foosfarasii walbira qabamuudhaan tokko lamaan ykn NPS kilogiraama 125 fi yuuriyaa kiiloogiraama 187.5 fayyadamuun ni danda’ama. Oomisha caalaa argachuuf yoo barbaachise xaa’oo yuuriyaa hanga 3.5 fayyadamuun ni danda’ama.

Yeroo xaa’oon itti nammuufi akkamitti

akka itti nammu

NPSii yeroo facaasaatti yuuriyaammoo faca’ee guyyaa 35 hanga 40tti oyiruu aramaarraa qulqulleessuun ittinammuu qaba. Hangi xaa’oo Nps heektaaraan kuntaala tokko. Keessumaa naannoo Badda-dareetti yuuriyaa heektaaraan kuntaala 2.5nii ol fayyadamuun barbaachisaa yoo ta’e, yuuriyaa kiiloogiraama 198.36, NPS kiiloogiraama 125niin walmakuudhaan yeroo facaasaa ittinaquudha. Kan hafe facaafamee guyyaa 35 hanga 40tti oyiruu aramaarraa qulqulleessuudhaan bo’oo seentii meetira 7-10 banuudhaan itti naquudha. Battaluma sanattis xaa’icha biyyoo itti deebisuun barbaachisaadha. Yoo kun ta’uu baate unkaan hawaatti olaaree, bishaanii ammoo gara dhidhimaatti liqimfamuu danda’a

Minaan dabareedhaan

Xaa’ummaa lafaa eeguudhaaf, dhukkuboota biyyoon uumaman, ilbiisota akkanumas aramaawwan rakkisoo ittisuudhaafi oomisha dabaluudhaaf minaanota dibataa( looziifi saliixa) waggaa tokkoo hanga waggaa sadiitti waljala dabarsuun fayyadamuun barbaachisaadha.

Minaan dabalataa

Naannoo minaanonni dursanii facaafamanii dursanii ga’an itti oomishamanitti boqqolloo boloqqee waliin facaasuun ni danda’ama. Dabalataanis walmakuudhaan boqqolloo gaayyoo wajjin akkanumas Boloqqee, suufii, atara loonii, shinburaafi

sukkaar dinnichaa wajjin facaasuun ni danda’ama. Boqqolloo boloqqee wajjin facaasuun lafa muraasa qoteebulaa haalaan akka itti fayyadamuufi xaa’ummaa biyyoofi oomistummaa fooyyessuun akka danda’amu qorannoowwan ni mullisu. Naannoo aanaalee Arbaamincitti boqqolloo boloqqeefi maashoo waliin facaasuun qo’annoo hanga naayitiroojiinii baruudhaaf taasifameen, boqolloo yeroo tokko boloqqee waliin ittaansee maashoo waliin facaasuun oomishti boqqolloo fooyya’aan kan argame yoo ta’u, oomishti boloqqeefi maashoos dabalee mullateera.

Haala walfakkaatuun naannoowwan adda addaatti boqolloofi boloqqee walkeessa facaasuudhaan qo’annoo taasifameen lafa silaa boqolloon qofti irraasasaabamurraa boloqqees sassaabuun akka danda’amu hubatameera. Waanta’eefis boloqqee bo’oo tokko, boqolloo bo’ootokko wajjin facaasuun lafa silaa boqolloo qofa facaasuun balfamu dhibbantaa 66 faayidaarra oolchuun danda’ameera. Waan ta’eef boqqolloo yookaan boloqqee waliiwajjin facaasuun oomisha dabaluun gamattii ittifayyadama lafaatiifis barbaachisaa akka ta’e qorannichi ni mullisa. Boqolloo, boloqeefi maashoo dabareen facaasuun oomisha gaarii argachuun danda’ameera. Waanta’eefis jelqaba boqqolloofi boloqqee facaasuun maasaa boloqqeen irraasassaabamerra ofeeggannoodhaan maashoo facaasuun oomisha dabalataa argachuun akka danda’amu qorannoon taasifame kun ni mullisa.

Page 18: MijuuAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et lakkoofsa bilbilaa 011-1-264208

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 15 Bara 2012

Fuulli kun walta’iinsa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataafi Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiin torban torbaniin kan dhihaatuudha

19

Wandimmaagany Ashabbiriin

Giddugala To’annoofi Ittisa Dhiibewwan Afrikaa foddaa dinagde kutaa ardiitiin, liiqiin dollaarri

Ameerikaa miliyoonni dhibba tokkoofi miliyoonni shantamni ( 150, 000,000) Mootummaa Feederaala Itoophiyaafi Waldaa Misooma Addunyaa gidduutti waliigalteen liiqii malateeffamuunsaa kan yaadatamuudha. Waliigaltee liiqii Mootummaa Federaala Itoophiyaafi Waldaa Misooma Addunyaa gidduutti taasifame labsiidhaan mirkaneessuuf mana mareef ibsi gabaabaan haala liiqiifi qarshiin argamee jiru kun hojiirra itti oolu ilaalchisee walgahiisaa addaa lamaffaa Ebla 2/2012 taasifamerratti dhiihaateeturuusaa maxxansa keenya dhiheenyaarratti isin dubbisiifneerra. Maxxansa keenya har’aa kanaan ammoo ibsa gabaabaa Mana Mareef dhihaate akka armaan gadiitti isiniif dhiiheessina.

Itoophiyaan sektara fayyaaf xiyyeeffannoo guddaa kennuun hojjataa jirti. Karoora guddinaaf tiraansfoormeeshiinii lammafaatiin misooma sektara fayyaa keessattuu xiyyeeffannoon guddaan itti kennamee hojetamaa kan jiru, galma’insa kaayyoo misooma fayyaa waggaan karoorfame dhugoomsuuf daandii adeemsa mijaa’ina qabu hojirra olchuudha.

Tajaajila fayyaa daa’immaniifi haadholii fooyyeessuu, dhaabbilee tajaajila fayyaa barbaachisoo ta’an kennan baballisuu, tajaajila fayyaa qulqullina hawaasaa biraan gahuuf hojiin mootummaadhaan hojjatamaa jiran haala qabatamaa ta’een bu’aan galmaa’ee mul’aataa jira.

Sektara fayyaa keessatti dhimmoonni ijoon xiyyeeffannoon itti kenname keessaa qorannoowwan adda addaa rakkoo tajaajila fayyaa keessatti mullachaa jiraniif furmaata laatan taasiisuu, balaa fayyaa hawaasummaa ittisuufi to’achuufi ijaarsa humna laaboraatoorii biyyaalesaa guddisuun akka fakkenyaa tokkootti kan caqafamaniidha.

Sadarkaa Afrikaatti wiirtuu baballina dhukkubootaafi rakkoowwaan fayyaa hawaasaa to’achuufi ittisuuf akkasumas rakkoo laaboraatoorii fayyaa hiikuudhaaf gargaaru ijaaruuf Waldaan misooma addunyaa baajata hojjii idileef ramadaman irraa dabalataan pirojeektii foddaa dinagdee kutaa ardiirraa Itoophiyaafi zaambiyaaf gargaarsi taasifameera.

Gama Itoophiyaatiin hojiiwwan pirojeektiitiif dollaarri Ameerikaa miliyoonaa 75n liiqiifi dollaarri Ameerikaa miliyoona 75n gargaarsaan Waldaa Misoomaa Addunyaarraa argamee jira. Hojiin kunis kan gaggeeffamu ministeera fayyaafi institiiyuutii fayyaa hawaasa Itoophiyaatiin.

Kayyoon pirojeektii kanaas sektara misooma fayyaa biyyoota Afrikaa keessatti baballina dhibeewwanii hir’isuuf sirna hojmaataa diriirsuun too’annoofi eegumsa fayyaa dhaabbilee kennaan cimsuu yommuu ta’u, keessattuu ammoo Itoophiyaa keessatti

Waliigaltee liqii Mootummaa Feederaalaa Itoophiyaafi Waldaa Misooma Addunyaa gidduutti taasifame

misooma giddugala laaboraatooriifi humna nama baratee ijaaruufi cimsuun tamsa’ina dhibeewwaan adda addaa dursanii to’achuudha.

Kaayyoon pirojektichaa kan armaan olitti caqafame yeroo ta’u, dhaabbileeniifi waajjiraaleen mootummaa fayyadamoo yoo ta’an, raawwachisummaadhaan kan gaggeessan ammoo ministeera fayyaafi inistitiiyuutii fayyaa hawaasa Itoophiyaati. Hojiiwwan fayyaa institiiyuutii fayyaan hojjatamaniifi giddugala fayyaa hawaasummaa bulchiinsa naannootti argamanif kan tajaajiluudha.

Institiiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaan sadarkaa laboraatoorii fayyaa mootummaa gara sadarkaa ijaarsa laaboraatoorii baayooseeftiin (BLS-2FI BSL -3) guddisuudhaan Baha Afrikaatti giddugala to’annoo dhibeewwanii ta’ee akka tajaajilu taasisuuf ijaarsa giddugalaa sadarkaa BLS-3tti ijaaruudha. Ijaarsa giddugala biyyaalessaa ijaaruuf qophii diizaayiiniif, ijaarsaaf, meeshaa laaboraatoorii kanaaf barbaachisaan dhiheessuuf, qulqullina qorannoo laboraatoorii hojjachuuf sirna diriirsuu, giddugala suphaa meeshaa laboraatorii akka ijaraman taasisuudha.

Haaluma walfakkaatuun institiiyuutii fayyaa hawaasa bahaa Afrikaatti farra

maayikiroobaayal (anti-microbial resistance) giddugala hordofu, to’atuufi ittisaa gochuuf imaammata hojmaata adda addaa qopheessuufi tamsaasu akkasumas ga’umsa hojmata guddisuudha. Akkasumas, institiiyuutiin fayyaa hawaasa Itoophiyaa giddugala bulchiinsa Odeeffannoo biyyaalessaa institiiiyuutichaa bahaa Afrikaatti gidduugala sirna bulchinsa odeeffannoo ta’ee akka tajaajilu oggeeyyii ga’umsa qaban fayyadamuun sirna bulchinsa odeeffannoo fayyaa diriirsuudhaan odeeffannoo walitti qabuu, xinxaluu, yeroo barbaachisaa ta’etti tamsaasuu haala danda’amu cimsuufi guddisuudha.

Dabalataanis institiiyuutin fayyaa hawaasa Itoophiyaa taateewwan dhibee haala yeroon uumamaa jiraniif deebii ariifachiisaa kennuu akka danda’u iddoowwan biyyattii hunda keessattiifi seenaa daangaa Itoophiyaa filatamanirratti hojjiiwwan sakata’insaa ciimsufi hojjmmaata barbaachisan diirirsu, talaallii kennuu, qorannoo dhibee taasisuufi giddugala hojii kanaaf barbaachisu qopheessuu kan ilaallatuudha. Meeshaawwan odeeffannoof barbaachisan guutun giddugalichaafi bulchiinsa mootummaa naannoo odeeffannoodhaan walqunamsiisuun rakkoo fayyaa hiikuudhaaf muuxannoo waljijjiiruufi waliin hojjachuuf carraa barbaachisaa ta’e uumuudha.

Walumaagalatti qarshiin liqiidhaan argame sektara fayyaa keessatti ijaarsa giddugala laabraatorii yaadame ijaaruufi tajaajila ga’umsaafi qulqullina qabu kennuu akka danda’an biyyoota baha Afrikaa wajjiin walgargaarsaan hojjachuu, dhukkuba tasaa ummaanniifi balaa yeroo to’achuufi ittisuu akkasumas mootummaan sektara fayyaa keessatti karoora karoorfatee jiru galmaan gahuuf gahee guddaa kan qabuudha. Waan kana ta’eef faayidaa sektara fayyaaf bu’aan inni argamsiisu guddaadha. Liqiifi gargaarsi qarshii dabalataan argamee jiru kanfaltii dhalaa kan hinqabneefi yeroo dheeraadhan kan kanfalamu yommuu ta’u, ibsi gabaabaan kun mana mareef dhihaatee akka ture odeeffannoon mana mareerraa argame ni mullisa.

Yeroo ammaa kanatti namoonni parsantii 50 ta’aan dhiibee dadarbaan lubbuusaanii dhabaa akka jiran odeeffannoon qorannoo taasifame agarsiisaa jira. Jireenyiifi fayyaan namaoota yeroo miidhaan qaqqabu giddugaalli laaboraatoorii tajaajila fayyaa qulqullina qabu itti kennamu, dhaabbileen fayyaafi tajaajila fayyaa eegsisuu danda’an jiraachunfi babala’achuun barbaachisaadha. Qajeelfamni imaammata fayyaa Itoophiyaa abbummaa hawaasummaa mirkaneessu, tajaajila fayyaa qulqullina qabu kennuu, fayyaa hawaasaaf wantoota rakkoo ta’an hiikuudhaaf sirna hojmaata tajaajila fayyaa diriirsuu qabna. Dhiheessa qorichaa fooyyeessu, waldhaansa teeknooloojiin ammayyaa’an kennamu ciimsuu, to’annaa fayyaa taasisuu, hoggansaafi bulchinsa dhugoomsu tajaajila fayyaa haawaasaa

hunda biraan ga’uun akka barbaachisuu ibsa.

Diinagdee biyyaa qofaa osoo hinta’iin humna namaarratti miidhaa qaqabsiisaa waan jiraniif dhibee dadarbaafi dadarbaa hintane sababiiwwan saaxilaan hir’isuun hunda caalaa hojii hojjetamuu qabuudha. Ministeerri fayyaa kenniinsa tajaajila fayyaa hawaasaa fooyyeessuuf, du’a daa’immaaniifi haadholii hir’isuu, tajaajila fayyaa qulqullina qabu kennuu akkasumaas beekumsaafi barumsa oggeeyyii fayyaa cimsuun karaa seera qabeessaafi saayinsaawaan tajaajiluun karoora hojii yeroo dheeraafi gabaabaa qopheessuudhaan galma ga’iinsa hirmaannaa hundaa kan gaafatu ta’uusaa hubachuun barbaachisaadha.

Ministeerri fayyaa karoora hojii raawwii isaatiin waldhaansa fayyaa laabraatoorii kennamu guddiseera. Haala fayyaa haadholiifi daa’immanii akka fooyya’u hojjii hojjatameen bu’aa guddaa galmeessuun danda’ameera. Mootummaanis gamasaatiin bu’aa argameef ambulaansii biyya alaatii galchuudhaan tajaajila kanaaf akka oolan shoora guddaa fudhateera. Lakkoofsa haadhoolii dhaabbilee fayyaatti da’u guddisuu, rakkoolee yeroo ulfaa haadhoolirraatti uumaman dursaanii too’achuu, haadhooliin qorannoo ulfaa yeroo afur akka taasisan hojjetamaa jira.

Kunis sababa da’umsaan walqabatee rakkoowwan uumamuufi du’a haadholii akkasumas daa’immanii too’achun danda’ameera. Fooyya’iinsa fayyaaf ekisteenshiinii fayyaa bu’aan buusaa jiru guddaa waan ta’eef karoora maatii ummata biraan gahuun, talaallii daa’immanii baballisuun jijjiiramni dhufee jira. Fayyadamuummaa sagantaa eksiteenshiin fayyaa cimsuun tajaajila fayyaa hunda biraan gahuu keessatti hawaasni fayyaa mataasaafi maatiisaa akka eggatu gargaareera.

Fakkeenyaaf to’annoo dhiibee daa’immanii ilaalchisee bara baajata darbe karoora hojii rawwii bakka bu’oota ummataaf dhiihateen daa’immaan umriin isaanii waggaa shanii gadii sababa vaayirasii rootaan du’aniifi miidhaman hirrisuu akka danda’ameedha kan mul’isu. Sagantaa eksiteenshiinii fayyaa dhugoomsuun dhibee daddarbaafi daddarbaa hintane akkasumas sababa isaanii to’achuufi hir’isuun hojii hunda caalaa hojjetamuudha. Ministeerri fayyaa hojiisaa fiixaan baasuuf karoora hojjii yeroo dheeraafi gabaabaa karaa saayinsawaa ta’een qophessuufi qindeessuun fayyaa hawaasaa eegsiisuuf hojjachaa jira.

Walumaagalatti qarshiin liiqiidhaan argame kun sektara fayyaa keessatti ijaarsa giddugala laaboraatorii yaadame ijaaruufi tajaajila ga’umsaafi qulqullina qabu kennuu akka danda’an cimsuudhaan misooma giddugala laaboraatoriifi humna nama barateen ijaarruufi cimsuun tamsa’ina dhibeewwaan adda addaa dursanii to’achuudhaaf gargaarsa guddaa kan qabuudha.

Ministeerri fayyaa karoora hojii raawwii isaatiin waldhaansa fayyaa laabraatoorii kennamu guddiseera

Page 19: MijuuAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et lakkoofsa bilbilaa 011-1-264208

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 15 Bara 2012 20

Tashoomaa Qadiidaatiin

Dhaabbata Maxxansaa Birhaaninnaa Salaamitti maxxanfame

Finfinnee: Vaayirasiin koronaa galaana qaxxaamuree, tulluu qaari’ee biyyoota addunyaa mara waliin gahuun diimaa, guraacha, jabaa, laafaa, beekaa, walaalaa, jaarsa, jaartii, dargaggoo, daa’imma jedhee osoo hinfilatin ummata addunyaa irraan miidhaa guddaa gahaa kan jiru ta’uu ragaaleen guyyaa guyyaan ba’an ni mul’isu.

Biyyoonni addunyaa weerara vaayirasichaa to’achuufi ittisuuf yaalii isaan hintaasifne hinjiru. Yaaliin qoricha dhibee ‘Koviid-19’ argachuuf taasifamaa jirus hanga ammaatti hinmilkoofne. Dhibee kana ittisuuf aantummaa hawaasni ispoortii biyya keenyaa kallattii hundaan taasisaa jirui kan nama gammachiisuufi jajjabeeffamuu qabuudha. Keessumattuu Komishinii Ispoortii Federaalaa sochii bal’aa taasisaa jira.

Ispoortiin nageenyaaf, jaalalaaf, waliin jiraachuufi tokkummaaf, waliif yaaduufi obbolumaadha yaada jedhu of keessaa qaba. Ispoortiin sabummaa, amanataa, korniyaafi bifa addaan hinbaasu. Haaluma kamiinuu sochi ispoortii keessatti obbolumaafi waliif yaaduun akka jiru beekamaadha.

Vaayirasiin koronaa Itoophiyaatti erga mul’atee as weerara vaayirasichaa ittisuuf

Bara weerara vaayirasii koronaatti aantummaa hawaasa ispoortii

gahee hawaasni ispoortii taasisaa jiran olaanaadha. Komishiniin Ispoortii Federaalaas hawaasa dhaabileen ispoortii mootummaafi dhunfaa, waldaalee ispoortii, taphatoota kubbaa miilaafi atileetota qarshii miiliyoona sadii walitti qabuun lammiilee harka

qal’eeyiif deggersa taasiseera. Akkasumas daa’imman daandiirra jiraatan 300 naannawaa Istaadiyoomii Finfinneetti argamaniif sagantaa yaataa ji’a tokkoo baasuudhaan sooraa kan jiru ta’uu komishinarri ittaanaan komiishinichaa Obbo Dubee Jiloo ibsaniiru.

Komiishinichi waldaalee ispoortii waliin ta’uudhaan dheengadda dhiiga arjoomaniiru. Hawaasni ispoortii yeroo rakkisaa kana keessatti deggersa adda addaa taasisuudhaan aantummaa hawaasaaf qabu mul’isaa kan jiru ta’uus himaniiru.

Obbo Duubee Jiloo

Finfinnee: Erga vaayirasiin koronaa ummata addunyaa weeraruudhaan yaaddoo keessa galchee ji’oota shanitti siqaa jira. Wayita vaayirasichi Chaayinaa, Magaalaa Wuhaanii ka’uunsaa himamu ummanniifi mootummootni addunyaa akka laayyootti, caqasaa kan turan.

Kovid-19 Chaayinaatii haa ka’u malee addunyaa mara kan weerare yeroo gabaabaa keessatti. Vaayirasichi muldhachuunsaa addunyaarratti wayita dhagahamu caqasuu kan dide, ummanni addunyaa ammaan tana edda qalbii takkaan dhaggeeffachuu jalqabe ji’oota afur ta’eera.

Sadarkaa biyyooleessaatti ummata miiliyoona jahatti siqu kan qabeefi lammiilee kuma 330fi 360 ammoo akka baalaa kan harcaase vaayirasichi, to’achuuf hanga ammaatti falli hinargamneef.

Vaayirasichi humna saayintistoota addunyaa, dhaabbilee fayyaa, hakimoota beekamootaa, biyyoota addunyaarratti gurmuu guddaa qabaniin humna dhabamsiisuusaatti ammoo hawaasa idiladdunyaa caalaatti yaaddoo keessa galcheera.

Vaayirasichi lubbuu ilma namaa galaafachuudhaan gamatti kallattiinis ta’u al kallattiidhaan ardii tanarratti dameen inni hinhubiin hinjiru. Kanneen keessaa ammoo dameen ispoortii sadarkaa duraarratti kan muldhatuudha.

Indastiriin ispoortii kun galii ispoonsarummaa dhaabbileefi kubbaaniyoota guguddoo

Sababa koronaatiin kilaboonni rakkina keessa galanaddunyaarraa argamaniin kan socho’an. Haata’u malee kaampaanotni kunneen yeroo ammaa kana sababii weerara vaayirasichaatiin gurgurtaa tikeetaafi galiiwwan addaddaa istaadiyoomotarraa argatan dhaabachuusaatti rakkina keessa galuusaanitti dameewwan ispoortii hunduu hubamaniiru.

Keessumattuu ispoortiin kubbaa miilaa hunda caalaa miidhamuudhaan iddoo olaanaa qabachuunsaa ni himama. Barana galiin kubbaa miilaa yeroo kamiiyyuu caalaa ni dabalama jedhamee eggamaa turus tamsa’ina vaayirsichaarraa kan ka’e galiinsaa baay’ee gadi bu’eera.

Weerarri dhibee koronaa yeroo gabaabaa keessatti to’annaa jala oolchuun akka hindanda’amne ibsamaa kan jiru yoo ta’u, ispoortichi abdii yeroo gabaabaa keessatti jalqabama jedhu dukkaneesseera.

Kilaboota guguddoo Awurooppaa dabalatee dameewwan akaakuu ispoortii hundaarratti dhiibbaan inni karaa faayinaansiitiin uumu akka guddatu taasisa jedhameera.

Keessumattuu waggaa afur keessatti biyyoota adda addaatti kan adeemsifamu mootiin ispoortii barana, taphiwwan olompikii Jaappaan, Tokiyootti gaggeeffama jedhamee eeggamaa turus sababuma vaayirasichaatiin qaxxaamureera.

Jaappaan qophii kanaaf dirreewwan ispoortii addaddaa, iddoowwan olompikii, hoteelotaafi reestorantoota ijaaruuf, akkasumas haaromsuuf doolaarii biiliyoona 12 dhangalaasteerti.

Abdiin galii achirraa argachuuf abjoochaa turtes jalaa fashalaa’eera.

Waldaan Atileetiksii Addunyaa (‘IAAF’) shaampiyoonaawwan atileetiksii dargaggoota guddatootaa, kan dargaggootaafi beektotaa waggaa waggaafi waggaa lamatti al tokko qopheessu sababuma vaayirisichaatiin barana gaggeeffamun kan irra ture hafeera.

Kilaboonni Awurooppaa taphatoota pirofeeshinaloota kubbaa miilaa doolaarii biilyoona hedduudhaan bituun galii isaanirraa argatan hafuunsaa kisaaraa guddaa keessa isaan galcheera. Mindaa taphatoota kafalaa turan dhabuudhaan taphatoota isaanii bittinneessaniiru.

Waldaaleen ispoortiis kilaboonni dureeyiin kisaaraa keessa galuudhaan galii isaanirraa argatan dhabuusaaniitti hojjetoota isaanii baay’ee hir’isaniiru. Sochiin ispoortiiwwanii dhaabachuusaatti biyyoonni addaddaas kilaboota isaanii diiguuf dirqamaniiru.

Biyyi teenyas shaampiyoonaawwan kubbaa miilaa kilaboota liigii piriimeerii, liigii biyyaaleessaafi shaampiyoonaawwan kilaboota naannolee baranaa hanga marsaa lammaffaatti gaggeessaa turtus weerarri vaayirisichaa babaldhachaa adeemuusaatti akka addaan citu godheera.

Haaluma kanaan kilabonni taphatoota beekamoota qarshii kumaatamaan bituudhaan waancaa fudhachuu maddiitti galii istaadiyoomaafi ispoonsarootarraa argachuuf abdachaa turan dhaabachuusaatti rakkina

guddaa keessa galaniiru.

Rakkoon kunimmoo itti fufaa waan jiruuf biyyoonni tokko tokko shaampiyoonaawwan dursanii jalqaban bakka daawataan hinjirreetti istaadiyooma cufamaa ta’e keessatti gaggeessuuf Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaafi mootummoota biyyootasaanii gaafachaa jiru.

Kanaanis torban kana keessa Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Jarman shaampiyoonaa kilaboota Bundiis Liigaa ALA bara 2020 jalqabame sababii koronaatiin addaan citanii turan itti fufsiisuuf mootummaa biyyattii waliin waliigalteera gahaniiru.

Walmorkiin kun gaggeeffamuunsaa itti fufus akkuma, “Misirroon hamaamota malee, ispoortiin daawataa malee hinmiidhagu” jedhamu taphini daawataa malee gaggeeffamu hawwataa akka hintaane beekameera.

Akkasumas shaapiyoonaan liigii piriimeerii Ingiliz, kan Xaaliyaanii, Ispeeniifi Faransaayis haaluma walfakkaatuun itti fufu jedhameetti eegama. Biyyoonni Ameerikaa Kibbaa keessumattuu Biraaziiliifi Arjeentiinaanis yaaduma kana calaqqisiisaa jiru.

Galiin kilaboota ispoortii dhaabbachuudhaan kilabonni kisaaraa keessa galuunsaanii dinagdee biyyootaarrattis dhiibbaa guddaa umeera. Haata’u malee vaayirasichi yeroodhaa gara yerootti amalasaa jijjirachuudhaan hawaasa addunyaa duguugaa waan jiruuf waldaaleen ispoortiifi mootummoonni biyyootaa itti yaadu qabu.