boqonnaa tokko seensa · 1 boqonnaa tokko: seensa 1.1 seenduuba uummanni oromoo karrayyuu akkuma...
TRANSCRIPT
1
BOQONNAA TOKKO: Seensa
1.1 Seenduuba
Uummanni Oromoo Karrayyuu akkuma Uummata Oromoo biroo jaarraa dheeraadhaaf Sirna
ittiin bulmaata ofii isaa uummatee, ittiin kan of bulchaa turee fi ammayyuu ittiin bulaa jirudha.
Sirni ittiin bulmaataa kunis “Sirna Gadaa” jedhama. Sirni Gadaa kun abaluun bara akkasii
jalqabame jechuun kan nama rakkisu yoo ta‟eeyyuu, Gadaan kan yeroo tokkotti nama tokkoon
hin eegalamne ta‟uun isaa beekamaadha. Gadaan wal duraa duubaan yaalii, muuxannoo fi
beekumsa hawaasichi uumamaan qabu waggoottan dheeraa walitti kuufamee, qummaadee
biqillee, daraaree ija godhate jechuun ni danda‟ama.
Haaluma kanaan Gadaan maal jechuudha? Kan jedhullee hima tokkoon kan ibsamu miti. Iccitii
gadi fagoo kan of keessaa qabu; hundee Falaasama, Aadaa, Dudhaa, Siyaasaa fi Seenaa
uummatichaati. Jechi Gadaa jedhu waan hiika tokko qofaa qabu miti. Waa‟ee Gadaa irratti
hayyoonni hedduun waa hedduu barreessaniiru.Gabaabumatti Gadaan Sirna ittiin bulmaataa,
Dimokiraasii fi Maqaa Gogeessaati. Akkasumas sadarkaa umurii, qoodaa fi itti gaafatama adda
addaa itti qabaatanidha. Sadarkaaleen kunniinis Roobalee, Dirmajjii, Meelbaa, Michillee fi
Duulootti qoodamu. Tuutni kunniin ammoo Ilma Moggisaa, Sabbaaqaa, Nuqusaa, Maaraa fi
Daraaraa jedhamuun beekamu. Sadarkaa Gadaa tokko keessa tuutni tokko bar- saddeet tura.
Kanaaf uummanni kun akkuma Uummata Oromoo naannoo biraa keessa jiran hundaa sirna ittiin
aadaa, ilaalcha, amantaa, amaleeffannaa, duudhaa fi falaasama isaa dhalootaa dhalootatti
dabarfatu ni qaba. Isaan keessaa Sirnni Gadaa isa bu‟uuradha. Sirni Gadaa Uummata Oromoo
Karrayyuu Aanaa Fanttaallee keessatti argaman biratti haala ittiin kabajamu qaba. Kunis
akkaataa sirnicha ittiin geggeeffachaa dhufan irratti hundaa‟a. Sirnichi immoo aadaa, seenaa,
safuu, muuxannoo, beekumsa fi kkf hawaasichaa ibsaniin kan guutamedha jechuun ni
danda‟ama.
Roobalee
Duulo
MichilleeMeelbaa
Dirmajjii
2
Bu‟uura kana irraa ka‟uun xiyyeeffannoon barreeffama kanaa Sirna Gadaa Oromoo Karrayyuu
Aanaa Fantaallee Godiina Shawaa Bahaa keessatti argaman Tuutni Gadaa Meelbaa fi Michillee
wal harkaa fuudhinsa Aangoo bar- saddiitii dura, waggaa ja‟affatti wal harkaa fuudhiinsa
Aangoo Walakkaa taasisan irratti raawwii isaa bu‟uureffata. Kunis, yoomessa mataa isaa fi haala
ittiin raawwatu qaba. Wantoonni duraa duubaan raawwataman kunniinis Abba Kulaa hanga
Tarree Luugootti maal akka ta‟ee fi akkaataa raawwii isaa gabaabinaan agarsiisuu yaala.
2. Karrayyuu
Moggaasni “ Karrayyuu” jedhu akka abbootiin tokko tokko ibsanitti gaalee jechoota “ Karraa fi
Hayyuu” jedhurraa kan ijaarameedha. Akkuma beekamu jechoonni kunniin hiika adda addaa
qabaachuu danda’u. Hiikni jecha “karra” jedhu; balbala, galma fi qabeenya horii yoo ta’u,
“hayyuun’ ammoo beekaa kan jedhu ta’a. Kanaaf, karaa yookaan daandii beektonni Oromoo
saaqan/banan/baasan/ waan ta’eef jechoota “karraa fi hayyuu” irraa moggaasni maqaa
“Karrayyuu” jedhu mogga’e.
Kanuma irraa ka’uun Karrayyuun gosa Oromoo keessaa tokko yoo ta’u, hundee tokkichummaa
uumamasaa ganamaa irraa eegalee, walhoree, guddachuu fi lataa deemuudhaan sadarkaa
amma jiru ga’e.
Haaluma kanaan Latiinsa yookaan dameewwan Uummata Oromoo Karrayyuu Baasoo fi
Dullacha jedhamuun beekamu. Gosoonni lachanuu haala asiin gadiitti dhiyaatu.
Dayyuu Abbaadhoo Hawaas Galaan Mulaataa Gurraachaa Dhaasuu Abrii Koyye Dorannii Daga Barree
Karrayyuu
Dullacha Baasoo
3
Akkuma olitti ibsuuf yaalametti Oromoon Karrayyuu Baasoo fi Dullacha jedhamee bakka
lamatti qoodama. Haala kanaan odeeffannoo maanguddota karrayyuu akka ibsutti,
Dayyuu,Tootayyaa, Abbaadhoo, Hawaasoo fi Boddaa “Shanan Dayyuu” jedhamanii of
moggaasuun gurmaa‟an. Dayyuun Dullachaa keessa hangafadha. Akkasumas Galaan, Mulaataa
fi Gurraachoo kan jedhaman immoo “Booxa Sadeen” jedhanii of moggaasuun gurmaa‟u.
Shanan Dayyuu Booxe Sadeen
Dayyuu Tootayyaa Abaadhoo Bodda Hawaaso Mulaataa Gurraachoo Galaan
Inni itti aanu Baasoo ta‟a. Gosti Baasoo haala asiin gadiitti dhiyaateera.
Torban Iluu Saddeettan Daadhi Salgan Galaan
Akka odeeffanno maanguddoota Karrayyuutti Dullachi hangafa yoo ta‟u, haalli qubsumaa saa
akkaataa aadaa isaaniitiin gara mirgaa Tarree Luugootiin qubata. Baasoon quxusuu ta‟ee bakki
taa‟umsa gara bitaa Tarree Leediiti.
Gosoonni lachanuu kunniin Gadaa shan of jalatti kan qabaatu yemmuu ta‟u, tokko tokkoon tuuta
shananii waggaa saddeet saddeetitti karaa dimokiraatawaa ta‟een aangoo Sirna Gadaa kan waliif
dabarsanidha. Sadarkaan tokko ammoo sadarkaa biraatti osoo hin ce‟in/ hindarbin/ dura Sirna
raawwatamu qaba. Sirnichis “Cidha Tuuta Tarree” ykn. “Sirna Ciicoo Buttaa” jedhamuun
Dullacha
Baasoo
4
beekama. Kunis kan geggeeffamu tuutni Gadaa tokko Aangoo Sirna Gadaa fudhatee erga
harkaan gahatee booda waggaa ja‟affaa isaatti kan kabajatu jechuudha. Kana jechuun ammo jal-
bultii waggaa Saddeettaffaa isaa jechuudha.
BOQONNAA LAMA:
1. Cidha Tuuta Tarree Yookiin Sirna Ciicoo Buttaa
Sirni Gadaa akkuma bakka tokko taa‟an malee hin tolu jedhamu, Uummanni bakka adda addaatii
bakka tokkootti walitti qabamee Sirna Gadaa jajjabeessaa ture waggaa ja‟affatti aangoo
walakkaa tuuta itti aanuuf kennuuf bakka turanirraa “Goobaa” kennuuf bakka itti duraan wal
harkaa fuuchaa turanitti godaanu. Innis Sirna mataa isaa danda‟e qaba. Sirnichis “Sirna Kabaja
Cidha Tuuta Tarree yookiin Ciicoo Buttaa” jedhama.
Innis kan geggeeffamu tuutni Gadaa tokko Aangoo Sirna Gadaa fudhatee ittin of bulchaa turee
booda waggaa ja‟affaatti kan kabajamudha. Innis walharkaa fuudhiinsa “Goobaa” jedhamuun
beekama. Wal harkaa fuudhiinsi kun akkuma seera Gadaa isaaniitti tuutni aangoo of harkaa qabu
waggaa ja‟affaatti tuuta ittaanee aangoo fudhatuuf Gooba kennu. Waan ittiin leenji‟an yeroo
shaakalaatiif yaadamee raawwatamudha. Akka Maanguddoonni jedhanitti “Angoo xiqqoo waan
ittiin walbaratan kenninaaf. Namni wal irraa hin baranne walitti dhufuu hin danda‟u. Nama wal
baratetu walitti dhufa!” jedhu. Turtii kana keessatti hirpha baratu, dhiichisa baratu,shaayii
qopheefatu, Abbaa Bokkuutiin wal baru. Xurumbaa garuu afuufuu hindanda‟an. Hayyuudhaan
hordofamu.
Itti dabalees haala jiruu fi jireenya isaa kan calaqqisiisu sirna mataasaa danda‟e akkuma qabu,
akkasuma achii dhuftee isaa, eenyummaa fi maalummaa isaa kan ittiin ibsatu duudhaa niqaba.
Duudhaan kun immoo wantoota jiruufi jireenya isaa keessatti hojjetuu fi hordofu ofkeessatti
haammata. Akkasumas ciini tokko kan ittiin bareedu kunniin akka uffata, nyaataa fi meeshaaleen
aadaa Isaan tokko akka ta‟e ni hubatama.
5
A. Uffannaa
Uummanni Oromoo Karrayyuu akkuma hawwaasa Oromoo biroo eenyummaa isaa adda baasee
kan calaqisiisu aadaa uffaanna mataa isaa niqaba. Aadaan uffannaa kun immoo dhiiraa, fi
dhalaan adda ba‟ee qaba. Akkasumas sirnicha kan ittiin geggeeffatans akka qomoo qomoo
isaanitti adda ba‟ee kan beekamu kan uffatan qabu. Shanan Dayyuu keessa Abbaan Bokkuu fi
Abbaan Sabbataa haadha manoottanii fi ilmaan isaanii dabalatee Baqqaala haalluu diimaa qabu
uffatu. Sadeen Booxee keessaa Qaalluu fi Jajjabeen Kaabbaa bifa gurraacha uffatu. Landiis kan
uffatan jiru. Kun akka seeraa ittiin bulmaata isaaniitti waan ta‟eef uffannaadhaan adda ba‟anii
tuuta keessaa ni beekamu.
Inni biroon huccuu aadaa warri dhiiraa uffatanidha. Isaanis Jirbii irraa kan hojjetaman: Marxoo,
Abeentaa, Jaanoo fi Sabbooqadha. Irraan kan uffatamu Sabbooqaa fi Jaanoo yoo ta‟u jalaan
Marxoo fi Abbeentaadha. Jaanoon kan namni hundi hufatu miti. Akka Maanguddoonni jedhanitti
warra Goota ta‟antu uffata jedhu.Uffannaa uffatan waliin Faayaa adda addaa Billaa kan sibiilaa fi
erbee Looniitiin faayyame, Callee Xuruuraa, Ulee qalloo harkatti qabatanii fi muka qalloo akka
filaatti itti fayyadaman yeroo hunda rifeensa mataatti suuqqatanii adeeman kan muka
Harooressa irraa tolfametti fayyadamu. Karrayyuun Uummata biro keessa adda ba‟anii kan ittiin
beekaman keessa inni guddaan akkaataa rifeensa itti filatanidha. Kunis Odaa fakkaata. Akka
abbootiin jedhanitti Odaa jalatti Seera tumatu, walharaarsu, walgorsuu fi walbarsiisu. Kanaaf
rifeensi keenyayyuu aadadhuma Gadaa keenyaa calaqisiisa, jedhu. Kana malees Kophee dhiiraa
dhalaan garaagarummaa hinqabne erbee Loonii irraa hojjetame keeyyatu.
6
Suuraa1: Uffannaa aadaa warreen dhiiraa
Akkuma suuraa asiin olii irratti mul‟atu gara bitaatii uffannaan irra keessatti halluuwwan diimaa
fi gurraacha qaban niargamu. Inni diimaan kan qomoon warra Dayyuu ta‟an Abbaa Bokkuu fi
Abbaan Sabbataa uffatanidha. Gurraachi Booxee keessa kan Qaalluu fi Jajjabeen uffatanidha.
Kan jalaan adii uffannaa aadaa kan martinuu uffatanidha.
Inni ittaanu kan dubaraati.Jaanoo, Biddiqqoo, Kuldiree, Sabbata, Abeentaa fi Waalluu. Waalluun
jalaan kan uffatamu erbee Loonii irraa tolfame. Kanneen garu jirbii irraa hojjetamani. Faaya
kunniin akka Girja, Xuruuraa, Shaamee fi Callee issaa Ambaarrii harkaa, Roggee irreefi miilaa,
Gutichaa gurraa, Balaqqee qubaa, Amarti fi Callee xuruuraa mormaa,ta‟u. Kunniin keessaa durbi
Jaanoo, Sabbaata fi Waalluu hinhdhattu. Akkasumas Girja, Ambaarrii harkaa, Roggee irree fi
miilaa, Gutichaa gurraa fi Balaqqee qubaa hinnaqattu.
7
A B
Suuraa2: Uffaannaa aadaa Dubaraa
Suuraa armaan olii irratti akkuma mul‟atu „A‟rra kan jiru ijoollee durbaa kan hin heerumnedha.
Uffannaan isaanii adaa-dii kuula ofirraa qabu Kuldiree jedhamuun kan beekamudha. Tokko
gubbaan uffatu tokko ammoo jalaan hidhatu. Mataarratti Lootii morma irratti immoo Callee
keeyyatu. Kan „B‟ irratti argamu uffannaa aadaa kan warra heerumanii ta‟ee diimaan mul‟atu
kan uffatan Abbaa Bokkuu fi Abbaa Sabbataa ta‟an uffatanidha.
B. Meeshaalee Manaa
Meeshaaleen mana keessatti itti dhimma ba‟an adda addaa jiraachuu ni danda‟u. Kunniin
keessa meeshaaleen aadaa kanneen akka Saaphana, Marcuma boraatii, Marcuma irra taa‟an
mukarraa hojjetame, Qorii kan itti nyaatan mukarraa kan hojjetame, Surree erbee Looniirra,
Bubbee buqqeerra, Fallaana gaafa Looniirraa, Itillee irra ciisan gogaa Loonii irraa kan
hojjetame, Ciicoo mukarraa kalaalaan kan hodhamee, Buchuma buqqee irraa tolfamee fi kkf.
ta‟u. Uummanni Oromoo Karrayyuu irra jireessi isaanii horsiisee bulaa waan ta‟aniif
meeshaaleen mana keessaa hedduminaan hinargamu. Sababni isaa akka olitti ibsuuf yaalame
Uummanni Oromoo Karrayyuu harki caalaan horsiisee bulaa waan ta‟eef bakka tokko bakka
birootti yemmuu godanan kan dhimma itti ba‟an qofa qabatanii kan deemanidha.
Suuraalee asiin gaditti argaman A‟n meeshaalee aada Loon, Re‟ee fi Gaala itti helenfatan
gara harka mirgaatti qabattee kan jirtu yoo ta‟u, B‟n immoo meeshaalee kunniin akka Itillee,
Marcuma boraatii, Marcuma irra taa‟an, Fallaana, Saaphanafi Qorii kan itti nyaatan mukarraa
kan hojjetamedha. Meeshaaleen kunnii uummatichi heedduminaan kan dhimma itti ba‟udha.
8
A B
C. Haala Fuudhaa fi Heeruma
Haala Fuudhaaf Heerumaa ilaalchisee akka Seera Gadaatti abbaatu ilaallatee walfuudha utuu
hintaane abbaatu qomoo walii ilaalanii ijoolleen dubaraa naannoo waggaa shanii fi dhiirri
naannoo waggaa saddeetii ykn kudhanitti kaayyatu. Hanga walfuudhanitti walitti dhufeenya
tokko hinqabaatan. Waggaa diddamatti warri dhiiraa nifuudhu jedhu.
2. Abba Kulaa
Akka Abbaa Bokkuu Hawaas Roobaa fi Obbo Godaanaa Fantaallee Jiloo Abba Kulaan
bakka Sirna Gadaa itti geggeffatanidha. Uummanni Oromoo Karrayyuu tuuta Gadaa Meelbaa
waggoottan ja‟an dura Aangoo tuuta Dirmajjii irraa fudhachuun bakka Abba Kulaa jedhamu irra
buufatanii jiraachaa akka jiran hayyooni Gadaa ni ibsu. Bakkichi Loonii fi tuutaaf ni ta‟a
jedhamee filatamedha jedhu. Meelbaan immoo miseensa Gadaadhaaf walitti ijaaramedha.
Miseens Gadaadhaaf walitti ijaarame keessaa akka seera Gadaa Karrayyuutti jijjiiramuu
hindandeenye, dhalootaa dhalootatti kan darban: Abbaa Bokkuu, Abbaa Sabbataa fi Qaalluudha.
Kana jechuun inni amma Abbaa Bokkoo ture waggaa 40 booda yoo marsaan isaa isa qaqqabe
ilma isaatu Abbaa Bokkuu ta‟a jechuudha. Abbaan Sabbataa fi Qaalluunis bifuma kanaan itti
fufa. Kanaan ala of gidduudhaa nama cimaa; kan eegu, bobbaasu, galchu, ajajuu fi kkf tuutni
filatu Jajjabee jedhama. Kana malees taphoota adda addaa kan taphachiisan “Shaayi” jedhamuun
kan beekamanis ni jiru. Bakka shaayin hinjirretti taphni kamuu taphatamuu hindanda‟u jedhu.
Bulchaan tuuta Gadaa Meelbaas “Abbaa Bokkuu/ Gadaa” jedhamuun beekama. Maqaan Abbaa
Bokkuu amma Aangoo ofharkaa qabuu Hawaas Roobaa Hawaas yoo ta‟u, gosti yookaan
qomoon isaa Dayyuudha. Dayyuun tuuta kana keessa hangafa. Kanaaf tuuta Melbaan Ilma
9
Nuqusaas nijedhu.Tuutni Gadaa kun tuuta Gadaa Michilleetiif wal harkaa fuudhinsa Aangoo bar
saddiitii dura waggaa ja‟affatti ji‟a Muddee/Furmaata/ godaanuun jalqaba ji‟a Amajjii bara 2009
tti wal harkaa fuudhiinsa Aangoo walakkaa raawwaachuuf osoo Abba Kulaa gara cidhicha
geggeessuuf bakka cidhaa Tarree Luugoo hindeemin dura wantoota raawwatan qabu.
Cidha Tarree Luugoo bor deemama jedhamee, qomoon tuutaa godaansisuuf bakka bakkaa walitti
dhufa. Qophii adda addaa ni ta‟a. Horiinis niqalama. Bariitusaa tuutni Gadaa marsaa itti aanuu,
Tuutni Michillee geejibaa fi wantoota adda addaa godaansaaf barbaachisu hunda fiduun fuullee
gara Karra Abbaa Bokkuutiin Tirsii osoo hindarbin hanga isaan tole jedhanii gadi bahanitti
fuullee dhaabatanii eeggatu. Kana ammoo kan godhan cal jedhanii osoo hin taane of gidduudhaa
nama filanii tole akka jedhaniif jaarsummaa ergataniiti. Namni jaarsumma dhaqu immoo akka
seera Sirna Gadaa isaaniitti kan tuuta lachanuu keessaa hinqabne Qadidduudha. Qadiidduun kan
tuuta lachanuu keessaa hinqabne Tuuta Dirmajjii keessaati. Sababa tuuta lachanuu ala filatamuuf
loogiin akka hin jiraanne yaadameetu.
Akka seera Bokkuutti immoo diduun hin danda‟amu. Seera guutuuf itti ergatu jedhu. Erga akka
seera isaaniitti walii galanii booda Abbaan Gadaa uffannaa isaa uffatee, Bokkuu gaaraa gadi
buusee, dhadhaa dibee akkasumas huccuu itti maree qabatee erga qophaa‟ee booda waan
dhugamu qabatanii Abbaa Bokkuu eebbisanii godaansaaf gadi baasu. Erga isa gadi baasanii
booda mana Abbaa Sabbataatti ol deebi‟anii ammas eebbifatanii gadi ba‟u. Balbala Abbaa
Bokkuu dura isatti naanna‟anii ququphananii taa‟uun eebbifatu. Raawwii tokko geggeessuuf kan
isaan ittiin walwaaman Xurumbaadha. Karrayyuun Xurumbaadhaaf ilaalcha adda qabu. Akka
Maanguddoonni jedhanitti Xurumbaa abbaan arge hindha‟u. Manuma hundaas hinbulu jedhu.
Mana nama nyaata hinqabnee bulee beelaan buluu hinqabu jedhu.
10
Suuraa 3: Mana Abbaa Bokkuu biratt Abbaan Bokkuu Bokkuu qabatee eebbaaf walitti
qabaman
Yemmuu eebbifatan wal ta‟anii akkas jedhu:-
Kan jedhu Kan jalaa qabu
Lakkisaa mala fuunaa
Rooba lafaan nuu ga’i
Nagaa biyyaan nuu ga’i
Galma nuleelchi
Tuuta Bokkuu nagaa nu godhi maaltu jira ------------------- Roobaa nagaatu jira
Bokkuun Guutamnee ------------------------------------------ Guutamee
Hora Samaadha gadi Dagaaga Hawaasii gadi biti tiyyuma
Biti tiyya Rooba bita tiyyaa naga je’un je’a
Bokkuun Guutamnee ----------------------------------------- Guutamee jechuun eegalu.
Erga eebbifatee booda tuutni hundumtuu osoo hin hafin Loon, Gaalotaa fi Re‟oota ooffatanii
godaansa karaa Tarree Luugoo deemu. Mi‟a isaani Gaala “Karaabicha” jedhamuun beekamutti
dubartoonni fe‟u. Karaabichi Gaala cimaa ta‟edha. Akka seera isaaniitti Bokkuu qabatanii
bishaan hin ca‟ani jedhu. Karaan fagoo waan ta‟eef karaa bulanii darbu. Bakki bulmaataas
uummaticha biratti beekamaadha. Bakkichi Muka Saraa jedhama.
3. Muka Saraa
Sababa kana jedhamee moggaafameef akka Abbootiin jedhanitti mukkeen walitti tuuta‟ee bakka
tokkotti gobbatee waan jiruuf jedhu. Kunniin biroon ammoo Muka Saraa jechuun yeroo
jalqabaatiif gaafa Gadaa Melbeenyi Dirmajjii irraa fudhate Bokkuun itti marredha jedhu.
“Marre” jechuunis marge (bakka Gadaan itti marge) jechudha. Kanaaf Mukni Saraa bakka
Bokkuu magarsanii fi itti Hujufanidhas jedhama. Hujufuu jechuun tuutni tokko Bokkuu fudhatee
gaafa marsaa sadaffaa isa /waggaa dhibbaaf digdama/ qaqabu kan akaakayyuu ni hujufama.
Abbaarraa Ilmatti, Ilmarraa moo Ilmatti magarfamaa kan dhufe jechuudha. Haalli itti hujufamus
Bokkuu Magarsanii gaafa bultii Saddeet booda bakka itti Magarsanii xiqqoo irraa achi siqame
Hoolaa Gurroo qalanii hujufu. Hoolaan Gurroo kan horee ilmoolee baayyee qabudha. Kun
immoo yaada nubballisi jedhu of keessaa qaba. Gaafa hujufan Margaa fi dhoqqee Loonii jiidhaa
jala hafanii huccuu itti maranii dhadhaas itti dibanii ti. Bokkuu sababa dhoqqeedhaan
11
adamsamuuf “ Gadaan Looniin malee hintolu.” jedhu. Itti aansuun hayyuun taa‟ee “ Akka ofii
turtetti tursiisi …” jedhuun eebbisu.
Haata‟u malee achii as dhufa walharkaa fuudhiinsa Sirna Gadaa karrayyuutti akkuma tuutni
tokko tuuta birootti yemmuu aangoo yookaan Bokkuu walitti dabarsan Bokkuu ofii magarsan
tuuta itti aanutti kennu osoo hintaane “Irreecha” kennu. Bokkuu garuu abbatu magarfata. Itti
dabalees akkuma tuutni tokko tuuta biroof aangoo yeroo kennu tuutni fudhate Bokkuu
magarfatuu, tuuta tokko keessattis gaafa Gadaan qaqabu Bokkuu duraan magarfatanii of harkaa
qabaniin itti fufu utuu hin taanee Bokkuu deebi‟anii magarfatu.
Walumaa galatti Uummanni Oromoo Karrayyuu walharkaa fuudhiinsa aangoo yeroo adda addaa
yemmuu geggeessan bakka sila turanitti raawwatu utuu hin taane, bakka tokkoo bakka birootti
godaanuun geggeessu. Kanaaf Mukni Saraa Abba Kulaatii ka‟anii Tarree Luugoo bakka Gooba
itti waliif kennan osoo hin gahin bakka bulanii darbanidha. Akka Maanguddoonni jedhanitti
Horii fi ijoollee fuudhanii karaa dheeraa yeroo deemamu waan dadhabaniif boqotamee darbama
jedhu.
4. Tarree Luugoo
Gaaleen Tarree Luugoo jedhu jechoota “Tarree fi Luugoo” jedhamurraa kan
ijaaramedha.Tarreen tuutni Bokkuu of harkaa qabu Dooriin tuuta itti aanuuf Aangoo guutuus ta‟e
walakka kennuuf yeroo dhufan bakka sana tarreen qubatu. Gaafa qubatanis akka seera Gadaa
isaaniitti Mirgaa gara bitaatti yoo ta‟u, Mirgi kan gara hangafaati. Bitaan gara quxusuuti.
Kallattiin Mirgaa fi Bitaa kun immoo Tarree Luugoo fi Leedii jedhamuun waamama. Kana
jechuun Tarree Luugoorra Dullachatu qubata. Tarree Leediirra Baasootu qubata. Jechi “Luugoo”
jedhu, muka Luugoo jedhurra moggaafame. Bakki kun jiituu afaan lagaati. Maddi bishaan
Awaashi naannoo sana. Naannoon kun kan filatameef “Gadaan jiidha jaallata” waan jedhamuuf.
Kanaaf haala qubannaa fi naannoo irratti hundaa‟uun Tarree Luugoo jechuun moggaafame. Egaa
Tarree Luugooti tarreen qubachuu qofa utuu hin taane dhufaatii irraa eegalee hanga sirnicha
xumuranii galanitti duraa duubaan bakka kanatti wantoota sirnichaaf tolan dalagan niqabaatu.
Isaanis: Korbeessa Re‟ee qaluu, Ibidda buusuu, Aardaaga ijaaruu, Dhaddacha qabachuu,
Dhaddachatti naanna‟anii weeddisuu, Sessuma dhaabuun ibidda buusu, Dullacha qaluu, Galma
ijaaruu, Foduu naqu, Raabni dhiichisa taphata, Dubarri Ammayyoo taphatu,Danbalii dhahatu,
Loogaa Mijuukeeti qabatu, Abbaan Karraa marti Korma qala, Tapha, Cidha galchuu fi Tapha
xumuraa taphatu.
4.1. Kurbeessa Re’ee qaluu fi Abidda buusuu
Gaafa 24/4/2009/ Muka Saraatii ka‟anii akkuma Tarree Luugoo gahaniin Ardaaga utuu hin
buufatin muka qoree hin qabne muraasa bakka tokkotti walitti qabanii ibidda buusu. Isa booda
Korbeessa Re‟ee qalanii dhiiga Addatti qabatan. Kan qaale Abbaa Bokkuuti. Maanguddoonni
sababa Re‟een qalamtuuf qubsuuma Tarree Luugoo mirkaneessuuf jedhu.
12
4.2. Ardaaga Ijaaruu
Ergasii ammos Seessuma dhaabuun ibidda biroo buusanii erga eebbifatanii booda Ardaaga
ijaaruuf jalqaba Abbaan Bokkuu muka Dhaddacha jedhamu muree olqabee hirkise. Raabni
hundumtuu Dhaddacha muratee fidee irra bubuufate/ itti susuuqqate. Raabatu Ardaaga ijaara.
Raaba kan ta‟e hundi ijaaruu waan qabuuf abbaan daa‟ima isaa baadhatee Dhaddacha muree
seeraaf harka daa‟imatti qabee kun kan ebeluuti jedhee Ardaagarra buusa.
Suuraa 4: Ardaaga Ijaarame
Erga walitti qabanii xumuranii booda itti naanna‟anii akkas jedhu:
Hooda raarrataa, Loon korma ruggee!
Tahar’a tapha boru taajjaba. Loon korma ruggee!
Yaa hiriyaa yaa miseensayyoo,
Yaatuu sululaa gootatu waa mura. hooda raarrataa Loon korma ruggee!
Ka argee dheesse haati maal deessee,
Naanaqii har’a qoosaa egere. hooda raarrataa Loon korma ruggee!
Isa booda Raabni saffisa adda ta‟een fiiguun muka Dhaddacha dhaabatee jiru harkaan tuqu.
Raabni kan amma Gadaa of harkaa qabudha. Kan Liboomuuf deemu jechuudha. Abbootiin akka
jedhanitti Dhaddachaa tuquun hiika mataa isaa qaba. Mukni Dhaddachaa mukkeen jiran keessaa
cimaa fi umurii dheeraa kan qabudha. Kanaaf Gadaan keenya haa cimu, umuriis haa dheeratu
13
kan jedhu hawwii qaban mul‟isuuf raawwatu. Achi as erga deebi‟aniis bakka tokkotti walitti
tuuta‟anii sagalee ol fuudhanii akkas jedhu.
Kan eebbisu Kan jalaa qabu
Miinya dahi goduu dahi Ziiz
Hurrubni mirga dirreen dannaba Ziiz
Adaboon gooba goobni geerarsa Ziiz
Alalaasi alaa gali Ziiz
Dando tahi! Si‟in dandahin Ziiz
Goda tahi! Itti jigi Ziiz
Guchii tahi! Baalliin booni Ziiz
Doobbii tahi! Diina gubi Ziiz
Simoo tahi sin simin Ziiz
Leenca tahi! Cibiraa dhoosi Ziiz
Gaara tahi! Mul‟adhu. Ziiz
Oromiyaa tahi bal‟adhu Ziiz
Hundee Odaa tahi dagaagi Ziiz
Dhaaba dammaa tahi mi‟aayi Ziiz
Qabadhu /2/ jedhanii eebbifatu.
Ardaagni erga bu‟ee irra qaxxaamuruun hindanda‟amu. Dhorkaadha. Eegamuu qaba. Eegumsi
isaa ammo abbuma argeen osoo hintaane akka seera Bokkuuti. Shanan Dayyuu irraa nama tokko
fi Booxe Sadeen irraa nam- tokko hanga ciini raawwatutti eegama.
4.3. Dullacha qaluu, guyyaa itti aanu gaafa 25/4/2009 barii lafaa osoo biifutuun hinba‟in, afaan
buleen homaa utuu hinnyaatin Dullacha qalu. Dullachi Loon turtedha. Booxa Sadeen irraa warra
angafaatu qala. Booxni sadeen gosadha. Isaan qaluun seera Gadaati. Akka Abbootiin jedhanitti
Dullacha kan qalamtuuf umrii dheeraa waan torteef, nutis turree Gadaa keenya itti aanuu
qaqqabuuf hawwii qabnu mul‟suufi jedhu.
14
Suuraa5: yemmuu Dullachi qalamtu
Itti dabalees, Dullachi qalamtu malee galmi kamuu hinijaaramu. Kan jalqaba ijaaramu kan
Abbaa Gadaati. Erga kan Abbaa Gadaa xumuranii osoo wal hineeggatin kan hafe mara xumuru.
Akka seera Gadaatti yemmuu kana kan ijaaru Tuuta Michilleedha. Michilleen kan Aangoo
walakka fudhatudha. Erga galmi ijaaramee booda guyyaa cidhaatu beellamama. Itti aansuun jala
bultii cidhaa fi gaafa cidhaas duraa duubaan wantoota adda addaa raawwatu.
4.4. Foduu Naquu; Foduun Kan Raabni Karra Karra isaa duratti naqudha. Kunis bifa lamaan
naqama. Kunninis, Bitimaa olii fi Bitimaa gaditti qooduun bakka lamatti naqu. Inni jalqabaa
yookaan gararraan Karra Loonii ibsa. Inni itti aanu Foduu Marcumaati. Kan irra taa‟anii
gumaata fudhatan. Qophiin isaas dhoqee Loonii jiidhaa bakka murtooftetti walqixxeessanii
diriirsuun Hiddii ciranii qopheeffatan dalga afurtama fi ol saddeeti irra naqu. Kun immoo hiika
mata isaa danda‟e qaba. Innis, marsaa Gadaa kan ibsudha. Duba Foduu naqamee Abbaan Karraa
Marcumarra ta‟a. Bakki taa‟umsaa isa Bitimaa gadiiti. Kan Bitimaa olii isa kan Karra Looniiti.
Achi taa‟ee keessummaa simata gumaachas fudhata. Gumaatni dhufu meeshaa aadatti nyaata
aadaa naannoo kanatti beekamaa ta‟e Bachoodha. Hanga gumaachituun ol seenanitti achii
hinka‟u. Erga warri dubaraa fi dhiiraa Ammayyoo fi Dambalee taphatanii booda ol seenu.
15
Suuraa6: Osoo Foduu Naqanii
6.5. Ammayyoo; Ammayyoo dubara obbolaawwan warra cidhaa yookaan Abbaa Gadaa ta‟aniin
kan taphatamudha. Innis Arrabsoo fi Faarsuu ofkeessaa qaba. Obboleettiin hangafni warra Abbaa
Bokkuu akka seera isaaniitti yoo isheen dura ol seente malee ol seenuun waan hindanda‟amneef
ol galuuf ishee eegu. Isheen immoo akka aadaa isaaniitti kana gochuun waa irraa barbaaddi.Akka
iseen olseenteen warri Abbaa Bokkuu uwwisaa Simaloo fi Abeentaa itti uwwisu. Ergasii
hamayyoo jedhu. Innis akka asiin gadiitti ta‟a.
Kan jedhu Kan jalaa qabu
Iyyoo yoo iyyoo Ammayyoo Orooboo Iyyoo yoo iyyoo Ammayyoo Orooboo
Ilmoon Arbaa Dhoobalee
Akka kormaa Dobbbaa Roofaa Hariisoo Naqa. Iyyoo yoo iyyoo Ammayyoo Orooboo
Akka Buqqee Kichaa
Amma Obboloon Kiyyaa reef Buukii buufata. Iyyoo yoo iyyoo Ammayyoo Orooboo
Ammayyoon Okolee Tooyyaa walirraa qoqqolomna
Akka Affisaa Kaarroo wal irraa gagamimna. Iyyoo yoo iyyoo Ammayyoo Orooboo
Awiyyoo Karaan lama kam deemee kam lakkisuu
Obbolowwan Kiyya lama kam faarsee kam lakkisu. Iyyoo yoo iyyoo Ammayyoo Orooboo
16
Ammayyaa qawwee qawwe
Qabanna Faranjootaa tolchaa ijoollee Araba. Iyyoo yoo iyyoo Ammayyoo Orooboo
Dhadha’ee Aara baasee dhahee baaruda baasee
Waan garaa Samii jalaa Allaattii beelaa baasee
Humboo qeerramsoo baase. Iyyoo yoo iyyoo Ammayyoo Orooboo
Jechuun faarsu.
Suuraa 7: Yeroo Ammayyoo Jedhan
4.6. Korma qalu; Korma kan qalu Raaba hundaadha. Kan qalan osoo lafti hin barin hundumtuu
karra isaa fuulduratti karraa Loonii keessatti qalu. Yemmuu qalan Loogaa Mijuukeetii qabatu.
Loogaa Mijuukeetiin Ulee Okkoo jalaan Garbuu itti hidhu. Aannan harkatti qabatanii abbaan
karma qalu isa akka qawweetti fannifatee qala. Kan qalu Abbaa Foduu mara. Erga qalanii
naanna‟anii akkas jedhu:
Qaalluun miinya naa kennee nan fudha /2/
Bokkuun miinya naa kennee nan fudha/2/
Gateettii Hoolaa kormaa adda jaboo
Qumbiin nyaararraa qabaa waan toloo
Doorii marroo sii marree yaa waaq na magarsii
Siifan marraa Raabummaa Lubaan na magarsii
17
Siifan marraa yaa Bokkuu Jireen na magarsii
Siifan marraa yaa Bokkuu Dayyuu na magarsi.
4.7. Cidhatu Gala; gara guyyaa Tuuta Michilleetiif Gooba kennu. Jaarsolii fi Abbaan Bokkuu
lachan Marga fi Aannan Okoleetti harkatti qaqabatu. Abbaan Bokkuu lachan Margaan harka
walfuudhu. Jaarsoliin biyyaa walakkaa dhaabbatee kennaaf yemmus maanguddoonni akkas
jedhu:
“Ija agartuu teenya ijarraa nuu hambisi
Gadaa tuuta tanaa Waaqatu gahee
Ta jirtu hin badin ta hinjirre hin dhalatin
Tuuta tana Gadaa akka kennitan marraa
Biyyeen isinitti wawwaanna.” Erga jedhanii booda itti fufanii “Gadaan ta roobaa
gabbina haa taatu!” jechuun marra kennuuf. Tuutni Gooba fudhates,
“Goobaa marroo sii marree yaa Waaq na magarsi
Gooba kichaa na hobbaasi Waaqa hayyichaa
Goobaa lattuu na hobbaasi Waaqa dhalattuu,” jedhu.
Suura8: Margaa fi Aannan Oroobootti harkatti qabatanii Tuuta Michilleef Goobaa yemmuu
kennan.
18
Suura9: Aannan abbuuqachuun biifanii yemmuu waleebbisan.
Yemmuu Gooba walii kennan akkas jechuun eebbisu.
warri Meelbaa Michilleen
Irreechaan eebbiseen sii kennee!
Kunoo sii kennee!
Roobaanan sii kennee!
Jiidhanan sii kennee Jiidhaan naa kennitee jiidhaanan sirraa fuudhe! Jedhu
Sana booda addaan lafatti gadi gombifamanii akkas jedhu: “ Yaa Waaq Tarreen nugeessetta
Marcumaan nu ga‟i!” jedhu. Ergasii akka garee garee isaaniitti weeddisaa walkurkursu. Wal
kurkursuun isaanii aadaadhuma jedhu maanguddoonni. Kani inni mul‟isu amma waa gochuu
hindandeessu aangoon ammayyuu kanuma keenya kanjedhurraa kan ka‟e daangaa Ardaaga
ijaarratan akka hinseenneefidha.
Walumaa galatti Uummanni Oromoo Karrayyuu Aanaa Fantaallee Jaarraa dheeraadhaaf sirna
ittiin bulmaata mataa isaa baafatee, seera isaa kana jalatti akkamitti akka waldhaga‟u, waliif
abboomamu danda‟u akkasumas Aadaa, Seenaa fi dudhaa isaa eeggachuu danda‟u cimsee
keyyatee; ittiin eeggachaa ture. Eeggachaas jira. Sirna ittiin bulmaata isaa waggaa saddeet
saddeetitti karaa dimkiraatawaa ta‟een tuutni tokko tuuta itti aanutti aangoo Sirna Gadaa kan
waliif dabarsanidha. Tuutonni kunniin Sadarkaan tokko ammoo sadarkaa biraatti osoo hin ce‟in/
hindarbin/ dura Sirna raawwatamu qaba. Sirnichis Cidha Tuuta Tarree ykn. Sirna Ciicoo Buttaa
jedhamuun beekama.
19
Kunis kan geggeeffamu tuutni Gadaa tokko Aangoo Sirna Gadaa fudhatee erga harkaan gahatee
booda waggaa ja‟affaa isaatti kan kabajamudha. Kun ammo yeroo Aangoo guutuu waliif kennan
osaa hintaane, yeroo shaakalaa itti muuxannoo fi beekumsa wal irraa qooddatanidha jedhu.
Waggaa/amata/ lama booda yeroo Gooba kennan osoo hintaanee yemmuu Marcuma kennanidha.
Yeroo kana Meelbaan Doorii kenna Michilleen immoo Doorii fudhata. Meelbaan guutumaa
guutuutti aangoo gadhiisa. Bakki itti Aangoo walii kennanis Tarree Luugoo jedhama. Tarreen
Luugoo bakka Tuuta shananiiti. Waggaa saddeetii fi ja‟atti bakka kanatti Aangoo guutuus ta‟e
walakkaa karaa dimokiraatawaa ta‟een walitti dabarsu.
Hub.
Yaada qabdan asuma irratti nuu erguu dandeessu ([email protected]).
Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa
Finfinnee
Garee Sona Aadaa Askaalee Tarfaatiin