qophii: sammubani.com (jibriil abdalla)...dubbiin rabbii fi ergamaa isaa irraa dhufe dhugaa qofaan...
TRANSCRIPT
-
1
-
2
Qophii: sammubani.com (Jibriil Abdalla)
-
3
Qabiyyee Seensa ............................................................................................................................... 4
1-Dubbiin (Kalaamni) bakka lamatti qoodama** ......................................................... 5
2-Madda Beekumsaa qulqulleessu ................................................................................. 6
3-Rabbiin irratti beekumsa malee dubbachuu dhiisu................................................... 7
4- Karaa Ergamaa fi dhaloota darban irraa jallachuu irraa of eegu ............................. 9
Hiika Asmaa’a fi Sifaata ................................................................................................. 11
Qajeelfamoota Bu’uuraa maqaalee fi Sifaata (Amaloota) Rabbii ............................... 15
Qajeelfama Bu’uuraa 1ffaa- Maqaaleen Rabbii hundii husnaadha, sifaanni Isaa
hundii guutuudha ....................................................................................................... 15
Qajeelfama Bu’uuraa 2ffaa-Maqaaleen sifaata of keessaa qabu ............................. 21
Qajeelfama Bu’uuraa 3ffaa-Maqaalee fi sifaanni Tawqiifiiyyah ............................. 22
Qajeelfama Bu’uuraa 4ffaa: Sifaanni maqaalee caalaa bal’aadha ........................... 24
Qajeelfama Bu’uuraa 5ffaa: Sifaanni Rabbii (subhaanahu wa ta’aalaa) bakka
lamatti qoodamu: Subuutiyyah fi Salbiyyah ............................................................ 25
Qajeelfama Bu’uuraa 6ffaa: Wanti Rabbiin Ofirraa dhabamsiise faallaan isaa
guutuudha................................................................................................................... 27
Qajeelfama Bu’uuraa 7ffaa: Sifaanni subuutiyyah (guutuu ta'an) bakka lamatti
qoodamu: Zaatiyyah fi Fi’iliyyah ............................................................................... 29
Qajeelfama Bu’uuraa 8ffaa: Sifaata yommuu mirkaneessan wantoota
dhoowwaman lama irraa bilisa gochuun garmalee barbaachisaadha: ................. 31
Qajeelfama Bu’uuraa 9ffaa: Tanziih (Qulqullessun) ta’axiil irraa bilisa ta’uu ...... 36
Qajeelfama Bu’uuraa 10ffaa: Al-Ilhaadu fii asmaa’illahi (Maqaalee Rabbii
keessatti jallinna) ....................................................................................................... 38
KABAJAA FI SALPHINNA ILMA NAMAA?? ................................................................... 43
-
4
Seensa
Bismillah Rahmaani Rahiim
Faaruu fi galanni Rabbii Guddaa maqaalee babbareedoon waamamuu fi amaloota
gugguutuun ibsamuuf haa ta’uu. Amaloonni guutuun hanquu hin qabne hundi kan
Isaati. Amaloota hanquu hunda irraa qulqulluudha. Namni Gooftaa ofii maqaalee
fi amaloota Isaatiin beeke, gammachuu fi nageenya dhiyootti hixatee argata.
Rabbii Guddaa waan hundaa irratti Danda’a ta’e gargaarsifachuun beekumsa
beekumsa caalu ibsuuf kunoo imalatti seenne. Laa hawla walaa quwwata illa
billah. “Dhugumatti kabajni fi gatiin beekumsaa wanta beekkamu irratti hundaa’a.
Shakkii hin qabu, hunda caalaa beekkamaa fi guddaa Kan ta’ee Rabbii Isa malee
haqaan gabbaramaan hin jirre, Kan samii fi dachii dhaabe, Mootii Haqaa ifa
ta’eedha. Amaloota guutuu hundaan kan ibsamu, hanqinnaa hunda irraa kan
qulqullefamee fi guutummaa Isaa keessatti fakkaata qabachuu irraa kan
fagaatedha.
Shakkii hin qabu, beekumsi maqaalee, amalootaa fi hojii Isaa beekumsa hundaa
kan caaluu fi garmalee guddaa ta’eedha. Akkuma maqaalee, amaloota fi hojiwwan
Rabbii beekuun beekumsa hundarra caaluu fi guddaa ta’e, beekumsa birootifis
hundeedha. Beekumsi hundi beekumsa kana hordofa. Rabbiin beekun hundee fi
madda beekumsa hundaati. Namni Rabbiin beeke, wanta Isaan ala jiran beeke.
Namni Rabbii isaa wallaale, wantoota Isaan ala jiran caalatti wallaala. Iimaanni
sirrii fi tawhiinni qulqulluun waa’ee Rabbii, maqaalee fi amaloota Isaa ilaalchisee
beekumsa sirrii qabaachu irratti hundaa’a. Qalbiif jireenyi, qananiin,
gammachuun, nageenyi fi tasgabbiin hin jiru yoo Gooftaa, Gabbaramaa fi Uumaa
ishii beektee fi wanta Isaan ala jiran caalaa jaallatama ishii yoo ta’e malee. Namni
osoo Rabbitti hin amaniin, beekumsaa fi qajeelcha argachuu hin danda’u. Yoo gara
Rabbii isaa hin qajeelin immoo kan dararamuu fi azzabamu (adabamu) ta’a.
Akkuma haala kaafiroota.”[1]
Karaan salphaan beekumsa sirritti itti hubatanii fi qabatan, bu’uuraa fi hundee isaa
beekudha. Sheykh Abdurahmaan Naasir Sa’dii ni jedha: “Hundee fi bu’uurri
-
5
beekumsaa akka bu’uura manaatii fi hundee mukaati. Bu’uuraa fi hundee malee
manni fi mukni dhaabbachuu hin danda’an. Hundee irratti dameen ijaarrama.
Dameenis hundeen dhaabbata, ni jabeefama. Bu’uuraa fi hundeedhaan beekumsi
sirritti gadi dhaabbata, ni jabaata, garmalee dagaaga… dhimmoonni garmalee wal
fakkaatan baay’een addaan baafamu.”[2]
Qajeelfamoota bu’uuraa maqaalee fi sifaataa beekun waa’ee maqaalee fi amaloota
Rabbii ilaalchise karaa irraa akka hin jallannee fi hin dhamaane nama taasisa. Ni
jedhama, “Man hurimal-usuula hurimal wusuula.” Kana jechuun namni bu’uura
dhabe, gahuumsa dhabe.” Faallaa kanaa, namni bu’uura argatee fi gadi dhaabe,
gahuumsa ykn milkaa’inna ni argata. Akkuma duratti jedhame Rabbii ofii
maqaalee fi sifaata Isaatiin beekun milkaa’inna guddaadha. Kanaafu, beekumsa
guddaa kanaaf bu’uura barbaachisa. Gara qajeelfamoota bu’uuraa maqaalee fi
sifaata seenun dura mee beekumsa Islaamaa ilaalchisee tuqaalee ijoo haa ilaallu.
1-Dubbiin (Kalaamni) bakka lamatti qoodama** Dubbii (Kalaama) jechuun hima ergaa guutuu dabarsuudha. Fkn, Allah Gooftaa
keenya, Muhammad Nabiyyi keenya. Wanti xiqqaan dubbiin irraa ijaarramu
maqaalee lama ykn maqaa fi xumura. Fakkeenyaf Muhammad Nabiyyiidha
(Maqaa fi maqaa). Muhammad dhaabbate (maqaa fi xumura).
Dhugaadhaan ibsamu danda’uu ykn dhiisu irratti hundaa’ee dubbiin bakka lamatti
qoodama:
1ffaa- Al-Khabar (odefannoo)- kuni mataa isaatiin dhugaan ykn sobaan ibsamuu kan danda’uudha. Kana jechuun dubbii tokkoon kuni dhugaadha ykn soba
jechuuni kan dandeenyudha. Dubbiin Rabbii fi Ergamaa Isaa irraa dhufe dhugaa
qofaan kan ibsamuu fi kijibaan gonkumaa ibsamu kan hin dandeenyedha. Waa’ee
sifaataa Isaatii fi Guyyaa Qiyaamaa ilaalchisee wanti Rabbiin beeksisee gosa
dubbii kana jalatti ramadama. Sababni isaas, odeefannoo dhugaan ibsamuudha.
Oduun mirkaneessu fi dhabamsiisu jidduu kan naanna’uudha. Takkaa oduun
mirkaneefamuun dhugoonfama (dhugaa ta’uu isaatti amanan) takkaa immoo
dhabamsiifamun ykn diigamun soba akka ta’etti amanan.
2ffaa- Al-Inshaa’a (wanta hundeefame)- kuni immoo dhugaanis sobaanis ibsamuu kan hin dandeenyedha. Kana jechuun dubbiin kuni dhugaadha ykn soba
jechuu kan hin dandeenyedha. Gosti dubbii kuni ajaju, dhoowwu fi hayyamuu of
keessaa qaba. Fakkeenyaf, nama tokkoon “Salaata salaati. Kana hin hojjatin.”
Jechuun inshaa’a ta’a.
-
6
Gabaabumatti dubbiin Rabbii fi Ergamaa Isaa irraa dhufe gosoota dubbii lamaan
kannin irra kan naanna’uudha. Tawhiinni dubbii lamaan of keessaa qaba.
Tawhiinni Rubuubiyyah fi asmaa’a wa sifaata, odeefannoo jalatta ramadama.
Tawhiinni uluuhiyyah immoo inshaa’a jalatti ramadama. Sababni isaas, Tawhiinni
uluuhiyyah gabroota Rabbiin qofa akka gabbaran ajajuu fi shirkii irraa dhoowwu
waan of keessaa qabuuf. Kanniin lamaan Qur’aana irraa mee haa ilaallu:
Jedhi “Inni Allaah dha, Tokkicha”
Rabbii Of danda’aa hirkoo waa hundaati.
Hin dhalle hin dhalannes. Qixxaatan (fakkaatan) tokkollee Isaaf hin jiru.” Suuratu Al-Ikhlaas 112:1-4
Suuran (boqonnaan) tuni gosoota dubbii keessaa Al-Khabar of keessaa qabdi.
Sababni isaas, maqaalee fi amaloota Rabbii olta’aa of keessaa qabdi. Maqaalee fi
amaloonni Rabbii odeefannoo ykn beeksiisa Inni beeksiiseedha.
Aayan armaan gadi immoo Inshaa’a dha:
بِهََِّلَلَ ٱَۡعُبُدوا َٱ۞وَ ﴿ َ َتُۡۡشُِكواَل ۡيََۦو ﴾ا َش
“Rabbiin gabbaraa, homaa Isatti hin qindeessinaa.” Suuratu An-Nisaa 4:36
Qur’aana keessatti, “Zinaatti hin dhiyaatina. Qabeenya yaatimaa itti hin
dhiyaatina. Salaata sirnaan salaata, zakaas kennaa…” himoota jedhan ni arganna.
Kuni hundi inshaa ‘adha. Sababni isaas, wanta gaaritti ajajuu fi wanta badaa irraa
dhoowwu of keessaa qabu.
2-Madda Beekumsaa qulqulleessu Namni daandii qajeelaa irra deemee gahuumsa isaa gahuuf qajeelfama (manual)
sirrii ta’ee qabaachu qabaa mitii ree? Islaamni amanti namoonni walitti dhufanii
uuman osoo hin ta’in amanti Rabbii waan hundaa beeku irraa ilma nama hundaaf
bu’eedha. Akkuma irranatti jenne waa’ee amanti kanaa ilaalchise dubbiin
dubbatamu takkaa Khabar (odeefannoo) ta’a takkaa immoo inshaa’a (ajaju,
dhoowwu fi hayyamu) ta’a. Odeefannoon kuni immoo baay’een isaa geeybin
(wanta ijaan hin mul’anneen) kan wal qabatuudha. Wantoota ijaan hin mul’anne
-
7
hunda kan beeku Rabbii Tokkicha. Kanaafu, beekumsa waa’ee gheeybi argachuu
kan dandeenyu Rabbiin qofarraayyi jechuudha. Eenyullee dhufee waa’ee gheeybi
yoo nutti beeksise ragaa sirrii fidi jennaan. Ragaan kunis Rabbiin irraa kan dhufe
ta’uu qaba. Sababni isaas, namni sammuu isaa qofaan waa’ee geeybi beeku hin
danda’u.
Jecha bareeda sheykhul Islaama ibn Taymiyah keessaa tokko, “man faaraqa daliila
dalla sabiila” (namni ragaa irraa fottoqe karaa irraa jallate.) Kana jechuun namni
waa’ee amanti ilaalchise ragaan isaa Qur’aanaa fi hadiisa yoo hin ta’in karaa irraa
jallata.
Ammas, dhoowwun, ajajuu fi hayyamuun beekumsa barbaachisa. Rabbiin
subhaanahu wa ta’aalaa ilma namaa hunda kan uumee Isa waan ta’eef wanta isaan
miidhuu fi fayyadu sirritti beeka. Kanaafi, wanta isaan fayyadutti ni ajaja ykn ni
hayyamaaf, wanta isaan miidhu irraa ni dhoowwa. Kanaafu, waa’ee kanaa
ilaalchise beekumsi Isarraa nama gahe jiraachu qaba.
Dubbiin erga akkana ta’e, Rabbiin Qur’aana buusu fi Ergamaa erguun odeefannoo
gheeybi beeksisee jira, wanta namoonni hojjachuu qabanii fi hin qabne ibsee jira.
Kanaafu, waa’ee amanti ilaalchise maddi beekumsaa Qur’aanaa fi Sunnah
Ergamaa Rabbii ta’a. Kanaan ala filoosofii fi yaanni namootaa Qur’aanaa fi
sunnah faallessu madda beekumsaa ta’uu hin danda’an. Namni yaada Qur’aana fi
sunnan walitti galuu yoo nutti fide, yaada isaa ni fudhanna. Kan faallessu yoo ta’e
immoo badheetti irraa dheessina. Kanarraa ka’uun, waa’ee maqaalee fi sifaata
Rabbii ilaalchise maddi keenya Qur’aanaa fi Sunnah dha. Sababni isaas, maqaalee
fi sifaanni Rabbii geeybi irraa waan ta’aniif Rabbiin yoo hin beeksiisin eenyullee
hin beeku.
3-Rabbiin irratti beekumsa malee dubbachuu dhiisu Akkuma duratti jenne, Rabbiin beekuuf maddi keenya Qur’aanaa fi Sunnah dha.
Kanaafu, namni waa’ee Rabbii dubbachuuf maddoota lamaan kana fayyadamu
qaba. Ta’uu baannan, wanta maddoota kanniin keessa hin jirree fi isaan faallessu
yoo dubbate, wanta hin beekne dubbatee fi Rabbiin irratti kijibee jira. Isa irratti
kijibuun immoo yakka ykn badii guddaadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni
jedha:
-
8
﴿َ ِّبِ َر َرم اَح َٱقُۡلَإَِنم َِٰحش و َوَ َلۡف ن اَب ط اَو م َِمۡنه ر ه اَظ ۡثمَ ٱم َۡۡل ۡغَ ٱوَ َۡۡلِۡۡيَِ ََِۡۡل قَِِٱبِغ ب
َ نَتُۡۡشُِكوا أ ِۡلَبِهََِّلَلَِٱو ِ اَل ۡمَيُن ََۦم َع نَت ُقولُواَ
أ َٰٗناَو َُسلۡط
َت ۡعل ُمونَ َّلَلَِٱ اََل ﴾٣٣م Jedhi, “Wanti Gooftaan kiyya haraama godhe: gochoota fokkatoo, isaan
irraa waan ifa bahee fi waan dhokate, dilii, haqa malee daangaa darbuu,
waan Inni ragaa isaaf hin buusin Rabbitti qindeessuu fi Rabbiin irratti
waan hin beekne dubbachuudha.” Suuratu Al-A’araaf 7:33
“Wanti Gooftaan kiyya haraama godhe: gochoota fokkatoo, isaan irraa waan
ifa bahee fi waan dhokate…” Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota
tarreefaman kanniin haraamaa (dhoowwamaa) godhe: gochoota fokkatoo kanneen
akka zinaa, saalli wal fakkaatan wal-qunnamti saalaa raawwachu fi kkf. “isaan
irraa waan ifa bahee fi waan dhokate” kana jechuun wantoota fokkatoo sochii
qaamaatiin wal-qabatanii fi kan sochii qalbiitiin wal-qabatan hunda dhoowwe jira.
(wanti fokkuun sochii qaamatin wal qabate kan akka zinaa fi kkf. Wanti fokkuun
hojii qalbiitin wal qabate immoo kanneen akka of tuuluu, of dinqisiifachuu, na
argaa, nifaaqa fi kkf dha.) “dilii, haqa malee daangaa darbuu” diliin badii ykn
cubbuu adabbii Rabbiitti nama geessudha. Ibn Kasiir ni jedha, “Diliin badii nafsee
nama waan badaa hojjatuutin wal qabatuudha. Daangaa darbuun immoo namoota
[qabeenya jalaa fudhachuun, isaan ajjeesun, qaama isaanii miidhunii fi kabaja
isaanii xureessun] daangaa isaan irratti darbuudha. Rabbiin kanaa fi saniis
dhoowwe jira.”[3]
“waan Inni ragaa isaaf hin buusin Rabbitti qindeessuu” kana jechuun Rabbiin
waliin wanta biraa gabbaruu dhoowwe jira. Rabbiin shirkii irratti ragaa hin buusne.
Kana irra tawhiida irratti ragaa buuse. “Rabbiin irratti waan hin beekne
dubbachuudha.” Kana jechuun maqaalee, sifaata fi hojiiwwan Rabbii fi shari’aa
Isaa ilaalchisee waan hin beekne dubbachuu dhoowwe jira. Kan akka Rabbiin
Olta'an ilma qaba jedhanii odeessuun beekumsa malee dubbachuu fi Isa irratti
kijibuudha. Rabbiin kana hunda namoonni akka itti hin kaloofne dhoowwe jira[4].
Sababni isaas, wantoonni kunniin fasaada (balleessa) guddaa dhuunfaa fi hawaasa
irraan gahu. Amanti isaan jalaa balleessu fi jijjiruu. Namni Rabbiin irratti wanta
hin beekne dubbatu amantii ofiiti fi kan namoota jalaa balleessa ykn jijjira. Ergasii
adabbii cimaatti ofii fi isaan geessa. Guyyaa Qiyaamaa warroonni sababa namoota
Rabbiin irratti kijiba dubbataniin jallatan akkana jechuun ibidda keessaa iyyu,
-
9
“Gooftaa keenya! Isaan kuni nu jallisanii jiru. Kanaafu, ibidda irraa adabbii
dachaa ta’e isaaniif kenni.” (Suuratu Al-A’araaf 7:38). Kanaafu, dhimmichi
dhimma salphaa miti. Namni kana jalaa bahuuf waa’ee Rabbii ilaalchise wanta
Qur’aanaa fi hadiisota sahiih keessatti dhufe irratti of gabaabsu qaba.
4- Karaa Ergamaa fi dhaloota darban irraa jallachuu irraa of eegu Karaan Ergamaa fi dhaloonni gaggaariin darban (salafni) irra turan karaa qajeelaa
Rabbiitti nama geessudha. Sababni isaas, yeroo san bid’aan (wanti haarofti) fi
jallinni akka yeroo ammaa hin jiru. Amantiinis ta’ee hojiidhaan Ergamaa Rabbii
(SAW) faallessuu fi karaa isaanii irraa jallachuun dhuma badaatti nama geessa.
Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:
“Namni karaan sirriin ifa isaaf erga ta’e booda Ergamticha faallessee fi
karaa mu’mintootaatiin ala [karaa biraa] hordofe, karaa inni filate keessatti
isa dhiisna; Jahannamis isa seensifna. Gahuumsi waa fokkate!” Suuratu An-
Nisaa 4:115
Ragaa Qur’aanaa fi sunnaatin karaan sirriin erga ifa isaaf ta’ee booda namni
Ergamaa Rabbii (SAW) faallesse, akkasumas, karaa mu’mintoota (warroota
amananii) dhiisee karaa biraa hordofe, karaa filate kana keessatti isa dhiisna. Haqa
erga beekee fi argee boodaa waan dhiiseef Rabbiin irraa jazaan isaa jallinna keessa
kan dhama’u ta’ee isa dhiisudha. Jallinna keessatti jallinna dabalata. Akkuma
Rabbiin olta’aan jedhe,
ۡفَ﴿ لُِِبَأ ُنق بَۡو
ب ت ُهۡمَو بِهَِد َ اَل ۡمَيُۡؤِمُنوا م َٰر ُهۡمَك رُُهۡمََۦ َص ن ذ َرةَٖو َم َول
أ
ُهونَ ۡعم َٰنِِهۡمَي ﴾١١٠ِِفَُطۡغي “Akkuma isaan yeroo jalqabaa isatti hin amaniin, qalbii isaanitii fi agartuu
isaanii gara gaggalchina. Kan dhama’an ta’anii jallinna isaanii keessatti
isaan dhiifna.” (Suuratu Al-An’aam 6:110)
-
10
Ergasii gahuumsi isaa Jahannami[5].
Kanaafu, karaa Ergamaatii fi wanta Muslimoonni irratti wali galan (Ijmaa’a)
hordofuun wanta adabbii jalaa nama baasudha.
Guduunfaa
✏Dubbiin (Kalaamni) bakka lamatti qoodama. 1ffaa-Al-Khabar (Odeefannoo)- kuni wanta dhugaa ykn sobaa jechuuni
dandeenyudha. Odeefannoon Rabbiin irraa dhufe hundi dhugaadha, gonkumaa
sobni itti hin seenu. Odeefannoon Isarraa dhufe kanneen akka maqaalee fi
amaloota Isaa, waa'ee Guyyaa Qiyaamaa fi seenaa namoota darbaniidha.
2ffaa-Al-Inshaa'a- Kuni wanta dhugaas sobaas jechuu hin dandeenyedha. Gosti
dubbii kuni "ajaju, dhoowwu fi hayyamuu" of keessaa qaba.
✏Amanti keessatti maddi gosoota dubbii kanaa Qur'aanaa fi hadisoota Nabiyyii irraa dhufaniidha.
✏Namni waan gheeybi (ijaan hin mul'anne) sammuu isaa qofaan beeku waan hin dandeenyef odeefanno isa barbaachisa. Odeefannoon kunis Rabbii waan
hundaa beeku irraa kan dhufe ta'uu qaba.
✏Nuti addunyaa tana keessatti Rabbiin ijaan arguu waan hin dandeenyef waa'ee ofii ilaalchise wanta beeksiseetti ni amanna, wanta hin beekne immoo dubbachuu
irraa of qabna.
✏ Rasuula (SAW) hordofuu fi isa faallessu dhiisun wanta milkaa'innatti nama geessu fi jallinnaa fi adabbii irraa nama baraarudha.
Kitaabban Wabii: **Al-Usuulu min ilmil usuul-Sheykhu Muhammad bin Saalih Useymiin, fuula
17-19, English Translation: Foundation of the Knowledge-fuula 21
[1] Sifaatu ilaahiyyati-fuula 3-4
[2] Faa'idatul jaliilatu fiil qawaa'idil asmaa'il husnaa-(fuula 6)
[3] Tafsiir Ibn Kasiir 4/27
[4] Tafsiiru Sa’adii-fuula 323
[5] Tafsiiru Sa’diyy-fuula 219
https://waqfeya.com/book.php?bid=9488https://archive.org/details/TheFoundationsOfTheKnowledgeOfUsoolhttp://waqfeya.com/book.php?bid=12023http://waqfeya.com/book.php?bid=10931
-
11
Hiika Asmaa’a fi Sifaata Asmaa’a jechuun maqaalee jechuudha. Maqaa jechuun kan wanti tokko ittiin
waamamuudha. Amma mee caalatti waa’ee sifaata haa ilaallu. Hayyoonni sifaata
(amaloota) Rabbii ilaalchise akkana jechuun hiiku:
“Sifaata jechuun Zaata Rabbitiin kan dhaabbatee fi wanta biraa irraa Isa
kan adda baasudha. [Sifaanni kunniinis] Qur’aanaa fi hadiisa keessatti kan
dhufaniidha.”[1]
Zaata jechuun haqiiqaa wanta tokkoo fi nafsee isaa[2]. Ingliffaan “Self” jechuun
hiika[3]. Zaata namaa yommuu jennu qaama isaa guutuu fi nafsee isaati. Zaata
Rabbii immoo ibsuu hin dandeenyu. Sababni isaas, nuti Rabbiin subhaanahu wa
ta’aala addunyaa tana keessatti hin arginu. Zaatni Isaa akkana jenne gonkumaa
dubbachuu hin dandeenyu. Qur'aana keessatti, “Wanti Isa fakkaatu tokkollee
hin jiru. Inni Dhagahaa, Argaadha.” (Suuratu Ash-Shuura 42:11) “Kana
jechuun uumamtoota Isaa irraa wanti Rabbii olta’aa fakkaatu tokkollee hin jiru.
Zaata Isaatiin, amaloota Isaatiinii fi hojii Isaatiin wanti Isaan wal fakkaatu
tokkollee hin jiru."
“Sifaata jechuun Zaata Rabbitiin kan dhaabbatee…” kana jechuun Rabbiin
sifaata Isaatiin wassafama (ibsama); sifaanni Isaa Isarraa adda bahuun kophaa hin
dhaabbatan.
“wanta biraa irraa Isa kan adda baasudha.”
As keessatti hojii sifaata akeeka.Rabbiin guddaan olta’e sifaata baay’een of
ibsuun gabroota biratti of beeksisee jira. Sifaanni kunniin Khaaliqa wantoota
Isaan ala jiran irraa adda kan baasanii fi guutummaa Rabbii ifa godhaniidha.
Gabroonni sifaata (amaloota) Isaatiin Rabbin beeku.
“[Sifaanni kunniinis] Qur’aanaa fi hadiisa keessatti kan dhufaniidha.” Waa’ee sifaataa Rabbii ilaalchisee Qur’aanaa fi hadiisota sahiih ta’an keessatti
wanta dhufe qofarratti dhaabbachu qabna. Sifaata Rabbii irraa wanta Qur’aanaa
fi hadiisni mirkaneesse qofa mirkaneessina. Imaamu Ahmad akkana jedha:
"Eenyullee Rabbiin ibsuu hin danda’u wanta Inni ittiin of ibsee ykn Ergamaan
Isaa ittiin Isa ibse malee. Qur’aanaa fi hadiisni irra hin darbaman.”
-
12
Kana jechuun Rabbiin kan itti ibsan (wassafan) sifaata Inni ittiin of ibseen ykn
Ergamaan Isaa ittiin Isa ibse qofaani. Sifaanni kunniin Qur’aanaa fi hadiisa
keessatti dhufanii jiru. Qur’aanaa fi hadiisan ala bahuun hin danda’amu.
Qur’aanaa fi hadiisni karaalee sadiin sifaata Rabbii mirkaneessu: Karaa 1ffaa-Sifaata ifatti dubbachuun Qur’aana irraa:
ِيًعا َ﴾ ﴿ف لَِلهَِٱلۡعَِزةَََُج “Jabeenyi hundi kan Rabbiiti.” Suuratu Faaxir 35:10
Asitti jabeenyi sifaata (amaloota) Rabbii keessaa tokko.
َنَ﴿ ِيٗعاَلُۡقَوة َٱأ ََِج ﴾ّلِلَ
“Humni hundi kan Rabbiiti.” Suuratu Al-Baqarah 2:165
Asitti humni sifaata Rabbii keessaa tokko
﴿َ بُّك ر ِنَُّٱو ﴾لرَۡۡح ةِ َٱُذوََلۡغ “Gooftaan kee Dureessa Abbaa rahmataati.” Suuratu Al-An’aam 6:133
Asitti rahmanni sifaata Rabbii keessaa tokko
Qur’aana keessa aayata akkanaa baay’ee arganna. Akkasumas, hadiisota
keesssattis ni arganna.
Karaa 2ffaa- Maqaaleen sifaata of keessatti hammachuu Aqiidaa Ahli Sunnah wal jama’aa keessatti dhimmoota mirkanaa’an keessaa
tokko maqaaleen Rabbii gaggaariin sifaata of keessatti hammachuudha.
Maqaaleen hundi amaloota Rabbii of keessaa qabu:
Fakkeenyaf Rabbiin Qur’aana keessatti, Al-Aziiz, Al-Khaaliq, Ar-Rahiim
jechuun Of waame jira.
Asitti: Maqaan Al-Aziiz (Injifataa) jedhu amala jabeenya of keessaa qaba.
Al-Khaaliq (Uumaan) amala uumu of keessaa qaba. Rabbiin Uumaa wanta
hundaa waan ta’eef uumun amala Isaati.
Ar-Rahiim amala (sifata) rahmataa of keessaa qaba. Rabbiin ar-Rahiim waan
ta’ef rahmata namaaf gochuun amala Isaati.
Gabaabumatti: Maqaaleen Rabbii sifaata Isaa irraa kan bahaniidha.
-
13
Karaa 3ffaa- Hojii yookiin sifaata san wanta agarsiisu ifatti dubbachuu Qur’aana keessatti akkana jedha:
﴿َ َم َك َت ۡكلِيٗماَّلَلَُٱو َٰ ﴾ُموَس “Rabbiin haasofsiisa [kallatti] Muusaa haasofsiise” Suuratu An-Nisaa 4:164
Asitti Rabbiin haasawuu ykn dubbachuu agarsiisa. Kanaafu, haasofti ykn dubbiin
sifaata (amaloota) Isaa keessaa tokko.
“Dhugumatti Rabbiin waan fedhe murteessa.” Suuratu Al-Maa’ida 5:1
Asitti fedhiin sifaata Isaa keessaa tokko.
ِمِٗداَ﴿ ت ع ۡقُتۡلَُمۡؤِمٗناَمُّ نَي ا ُؤهَُو م ز ََۥف ج اَو غ ِضب اَفِيه َِِٰلٗ َنُمَخ ه َّلَلَُٱج ن هَُ ل ع ل ۡيهَِو ََُۥع َدَل ع
أ ِظيٗماَۥو ابًاَع ذ ﴾٩٣ع
“Namni osoo beeku mu’mina ajjeese, jazaan isaa achi keessatti kan hafu
ta’e Jahannami. Rabbiinis isa irratti dallanee isas abaare jira. Adabbi
guddaas isaaf qopheesse.” Suuratu An-Nisaa 4:93
Asitti dallansun sifaata Rabbii keessaa tokko.
﴿َ ُعََّلَلَُٱق ال اَي ۡوُمَي نف َٰذ ِدقِيَ ٱه ۡرِيَِمنََلَصَٰ َنَٰٞتََت ِصۡدُقُهۡم َل ُهۡمَج اَ ۡتِه َٰرَُٱَت نۡه
ََۡۡل َرِِض ب ٗداَ
ب َ ا َفِيه َِِٰلِين ََّلَلَُٱخ َٰلِك ۡنُه َذ ع َ ر ُضوا ۡنُهۡمَو ع
ۡوزَُٱ ِظيمَُٱَلۡف ﴾١١٩لۡع "Rabbiin ni jedha, "Kuni Guyyaa warra dhugaa (saadiqiin) dhugaan isaanii
[isaan] fayyaduudha. Isaaniif Jannattoota jala isaanii laggeen yaa'antu jira,
yeroo hundaa achi keessa jiraatu. Rabbiin isaan irraa jaallateera. Isaaniis
Isarraa jaallataniiru. Suni Milkaa'inna guddaadha." Suuratu Al-Maa'ida 5:119
Asitti jaallachun sifaata Rabbii keessaa tokko.
“Dhugumatti, Gooftaan keessan Rabbiidha, Kan samii fi dachii guyyoota
jaha keessatti uumee ergasii Arshii irratti [olta’iinsa Isaaf maluu] ol
ta’eedha.” Suuratu Al-A’araaf 7:54
Asitti Arshii ol olta’uun (Istiwaan) sifaata Rabbii keessaa tokko.
-
14
Guduunfaa
☝Sifaanni Rabbii kan Inni ittiin of wassafe (ibsee) fi Isarraa adda bahuun kophaa dhaabbachuu kan hin dandeenyedha. Fkn, Beekumsi, dandeettin, jabeenyi,
jaallachuun, dallansuun, dubbachuun, arguun, dhagahuun, rahmanni, uumun,
fedhuun, araaramuun fi kan biroo Qur'aana fi hadiisa keessatti dhufan sifaata
Rabbiiti.
☝Qur'aana fi hadiisa keessatti karaalee sadiin sifaanni (amaloonni) mirkanaa'anii jiru:
Karaa 1ffaa-Sifaata ifatti dubbachuun
Karaa 2ffaa- Maqaaleen sifaata of keessatti hammachuu
Karaa 3ffaa- Hojii yookiin sifaata san wanta agarsiisu ifatti dubbachuu Kitaabban wabii [1] Sifaatu ilaahiyyati-fuula 12-18, 25-29 [2] Sharihu Risaalat Tadmuriyyah-fuula 153, [3] https://www.almaany.com/ar/dict/ar-en/%D8%B0%D8%A7%D8%AA/
http://waqfeya.com/book.php?bid=12023https://www.sammubani.com/wp-admin/post.php?post=10879&action=edit#_ftnref2https://waqfeya.com/book.php?bid=5412https://www.almaany.com/ar/dict/ar-en/%D8%B0%D8%A7%D8%AA/
-
15
Qajeelfamoota Bu’uuraa maqaalee fi Sifaata (Amaloota)
Rabbii
Bismillah Faaruu fi galanni Rabbii Tokkicha Arshii ol olta’iinsa Isaaf maluun olta’eef haa
ta’u. Dachii fi samii keessatti wanti Isarraa dhokatu tokkollee hin jiru. Maqaaleen
babbareedoo fi amaloonni gugguutuun hundi kan Isaati. Zaatanis ta’e amalaan
eenyullee Isa hin fakaatu. Inni Tokkicha fakkaataa fi dorgomaa hin qabneedha.
Dachii, samii fi wantoota isaan keessa jiran hunda dandeetti fi eeggumsa Isaatiin
eega. Inni Guddinna Isaaf malu guddate. Sammuudhaan itti yaadun zaata Isaa bira
gahuun hin danda’amu. Guddinna Isaa irraa kan ka’e, ijji namaas addunyaa tana
keessatti Isa arguu hin dandeessu. Isa wassafu (ibsu) irraa namni dadhabaadha.
Dhugumatti karaan Rabbii Guddaa ittiin beekan maqaalee fi sifaata Inni ittiin of
waamee fi ibsee qorachuu fi qo’achuuni. Maqaalee fi sifaata kanniin ilaalun dura
mee qajeelfamoota bu’uuraa barbaachiso ta’an haa ilaallu. Qajeelfamoota
bu’uuraa kanniin kitaabban aalimman bebbeekamoo kanneen akka Sheykul
Islaama ibn Taymiyah, Ibn Al-Qayyiimi fi Ibn Useymiin irraa kan
fudhatamaniidha.
Qajeelfama Bu’uuraa 1ffaa- Maqaaleen Rabbii hundii husnaadha,
sifaanni Isaa hundii guutuudha
1.1 Maqaaleen Rabbii hundi husnaa dha Husnaa jechuun wanta baay’ee gaarii fiixee ol’aana irra gahee fi sanii ol wanti
gaariin kan hin jirreedha. Maqaaleen Rabbii hundi husnaadha. Kana jechuun
garmalee fi garmalee gaarii kan ta’anii fi maqaalee Isaa caalaa maqaan bareenni
kan hin jirreedha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
“Rabbiif maqaalee baay’ee gaarii (husnaa) ta’antu jira, kanaafu isaaniin Isa
kadhaa.” Suuratu Al-A’araaf 7:180
-
16
Maqaaleen Isaa hundi husnaa (baay’ee gaarii) kan ta’aniif sababa wantoota
maqaan waamaman hundarra kabajamaa kan ta’e Rabbiin waan agarsiisanii fi
sifaata (amaloota) guutuu waan of keessaa qabaniifi.1
Yommuu “Ar-Rahmaan” jennu, jechi tuni gara Rabbii maqaa kanaan waamamu
agarsiisti. Ammas, sifata (amala) rahmata bal’aa fi guddaa agarsiisti. Akkasumas,
rahmata ittiin rahmata godhuu agarsiisti. Osoo rahmata ittiin gochuu baate silaa
maqaan kuni faayda hin qabu ture. Kanaafi, maqaaleen Rabbii husnaa (hundarra
baay’ee gaarii) ta’an. Sababni isaas, wanta maqaan waamaman hundarra
kabajamaa fi Guddaa ta’e agarsiisu. Ammas, sifaata (amaloota) ol’aanoo fi guutuu
ta’aan waan of keessaa qabaniifi. Maqaaleen Isaa gara Zaataa fi sifaata Isaa
akeeku. Garuu maqaaleen Isaan ala jiran akkanaa miti. Nama tokkoon Abdullah
(Gabricha Rabbii) jenne moggaasu dandeenya. Garuu inni namoota hundarra
nama of tuulu fi Rabbiin hin beekne ta’uu danda’a. Kana waliinu maqaan isaa
Abdullah dha. Ammas, nama tokko Muhammad jennee waamu dandeenya.
“Muhammad” jechun nama namoonni faarsa baay’ee faarsaniidha. Garuu namni
Muhammad jenne moggaafne kuni amala ittiin faarfamu homaatu kan hin qabne
ta’uu danda’a. Haa ta’uu malee, Maqaalee Rabbii keessatti kuni hundi hin ta'u.
Maqaaleen Isaa sifaata (amaloota) guutuu of keessaa qabu.2
Fakkeenyaaf: “Al-Hayy (yeroo hundaa Jiraataa)” maqaalee Rabbii keessaa tokko.
Maqaan “Al-hayy” jedhu jireenya guutuu dhabamaan hin durfamnee fi baduun hin
qunnamne of keessaa qaba. Garuu jireenyi uumamtoota jireenya hanquu taatedha.
Uumamtoonni lubbuu qaban duraan kan hin jirre turan. Kanaafu jireenyi isaanii
dhabamaan tan durfamteedha. Ammas yeroo murtaa’e booda ni du’u ykn ni badu.
Kanaafu, baduun jireenya isaanii ni qunnama. Garuu, Rabbiin yeroo hundaa
jiraataa (Al-Hayy) waan ta’eef dhabamu fi baduun gonkumaa Isa hin qunnamu.
Jireenyi Isaa guutuu hanqinna homaatu of keessaa hin qabneedha. Rabbiin ni
jedha:
﴿َ ََع ََّكۡ ت و َِِٱو ََََِّلِيٱَلۡح ِبِۡحَِِب ۡمِده ُموُتَو س َي ََل َبِهََِۦ َٰ َف ك ََِۦو ُذنُو َِِب
َِ بًِۡياَۦِعب ادِه ﴾٥٨خ
1 Sharih al-aqiidatil Tadmuriyyah- Ibn Useymiin fuula 43, Al-Qawaa’idul Muslaa fi asmaa’illah wa sifaat- Ibn Useeymiin-fuula 9 2 Sharih al-aqiidatil Tadmuriyyah- Ibn Useymiin-fuula 44
https://al-tawhed.net/Books/Show.aspx?ID=1497https://waqfeya.com/book.php?bid=4987https://waqfeya.com/book.php?bid=4987
-
17
“[Yeroo hundaa] Jiraataa gonkumaa hin duune irratti hirkadhu. Faaruu
Isaatiniis Isa [faarsii] qulqulleessi. Badii gabroota Isaa keessa beekuu
keessatti Isumatu gahaadha.” suuratu Al-Furqaan 25:58
Fakkeenya lammaffaa: Al-Aliim (Beekaa) maqaalee Rabbii keessaa tokko.
Maqaan “Al-Aliim” jedhu beekumsa guutuu wallaalummaan hin durfamnee fi
dagachuun hin qunnamne of keessatti hammata. Rabbiin yeroo hunda keessatti
waan hundaa beekaadha. Wallaalummaa fi dagachuun gonkuma Isa hin qunnamu.
Gaafii fi deebii Muusaa fi Fira’awni taasisan keessatti, Nabii Muusaan (aleyh
salaam) akkana akka jedhe Qur’aanni nuuf hima:
﴿َ َي نس َل َو ِّبِ َر َٰٖبَََٖۖلَي ِضلُّ َِِفَكِت ِّبِ َر اَِعند ُمه
َِعلۡ ﴾٥٢ق ال “Beekumsi ishee Gooftaa kiyya bira galmee keessa jira. Gooftaan kiyya hin
dogongorus, hin irraanfatus.” jedhe. (Suuratu Xaahaa 20:52)
Fira’awni akkana jechuun Muusaa gaafate: “Haalli ummata darbanii akkam
ta’aa?”
Kana jechuun ummanni darban akkuma keenyaa kan kafarani fi zulmii raawwatan
turan. Kanaafu haalli isaan irra gahan akkam ta’aa? Muusaaniis deebii armaan olii
deebiseef: “Beekumsi ishee Gooftaa kiyya bira galmee keessa jira.” Kana
jechuun Rabbiin keeyri fi sharrii irraa hojii isaanii hunda lakkaa’ee fi galmee
keessatti katabee jira. Galmeen kuni Lawhal Mahfuuz. Guyyaa Qiyaamaa hojii
isaanitiif jazaa ni kafalaaf. Rabbiin waan hundaa beekumsaan marsee
jira. “Gooftaan kiyya hin dogongorus, hin irraanfatus” kana jechuun guddaas
ta’i xiqqaan wanti isa jalaa miliquu tokkollee hin jiru. Homaa hin dagatu. Rabbiin
subhaanahu wa ta’aalaa beekumsi Isaa guutuu akka ta’e ibsa. Inni homaa hin
irraanfatu. Toltuun Isaa baay’atte, Inni olta’e, qulqullaa’e. Beekumsa
uumamtootaa wantoonni lama ni qunnama: 1ffaa- wantoota hunda guutumaan
guututti beeku dhiisu. Namni hanga fedhe beekumsa haa qabaatu, wantoota dachi
fi samii keessa jiran hunda beeku hin danda’u. 2ffaa-Beekumsa booda dagachuu-
namni beekumsa erga argate boodayyu dagachuun beekumsa san ni dhaba.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aala kanniin hunda irra of qulqulleesse.3 Inni wantoota
samii fi dachii keessa jiran hunda takka takkaan kan beeku fi homaa Kan hin
daganneedha. Ni jedha Qur’aana keessatti:
3 Tafsiiru Sa’dii-fuula 590, Tafsiiru ibn Kasiir 5/292
-
18
اَِِفَ﴿ ۡعل ُمَم َٰتَِٱي َٰو ۡرِضَٱوَ َلَسم اَُتۡعلُِنون َوَ َۡۡل َو م ون اَتُِِسُّ ي ۡعل ُمَم َّلَلَُٱو
اِتَعَ بِذ َُۢ ُدورَِٱلِيُم ﴾٤لصُّ“Inni wantoota samii fi dachii keessa jiran hunda ni beeka. Wanta dhoksitanii
fi wanta ifa baastanis ni beeka. Rabbiin Beekaa wanta qoma keessa jiruuti.” Suuratu At-Taghaabun 64:4
Rabbiin wantoota samii fi dachii keessatti mul’atanii fi hin mul’anne, dhokatanii
fi ifa bahan hunda beeka. Akkasumas, wanta isin qalbii keessan keessatis ta’i,
iddoo namni biraa hin agarreetti dhoksitan hunda beeka. Ammas, arrabaan
dubbachuu fi hojiin hojjachuun wanta ifa baastan hunda beeka. “Rabbiin Beekaa
wanta qoma keessa jiruuti.” Kana jechuun icciti bareedaa fi fokkuu, niyyaa
gaarii fi badaa qoma (laphee) keessa jiru hunda beeka.
Rabbiin wanta namni sammuu isaa keessatti yaadu fi qoma isaa keessatti dhoksuu
hunda kan beeku erga ta’e, namni aaqilli (qaruuten) keessa isaa amala badaa fi
salphinna irraa eeguuf garmalee xiyyeefannoo guddaa itti kenna.
1.2. Sifaanni (Amaloonni) Rabbii hundi Guutuudha, hanqinni homaatu keessa hin jiru4 Amaloonni Rabbii hundi guutuu hir’inna homaatu of keessaa hin qabneedha.
Kanneen akka Jireenyaa (Al-Hayaat), Beekumsaa (Al-Ilm), Dandeetti, dhageetti,
argituu, rahmataa, jabeenyaa, ogummaa (hikmaa), olta’iinsaa, guddinnaa fi kan
biroo hundi sifaata (amaloota) guutuu ta’aniidha. Shari’aan, sammuu fi fixraan
kana ni agarsiisu.
Shari’aa irraa sifaanni Rabbii guutuu ta’u kan agarsiisan ragaalee baay’ee
Qur’aana fi hadiisa irraa eerun ni danda’ama. Isaan keessaa aayah takka haa
ilaallu:
4 Al-Qawaa’idul Muslaa fii asmaa’illah wa sifaat- Ibn Useeymiin-fuula 27-28, Ta’aliiq alaa Al-Qawaa’idul Muslaa-fuula 59
http://waqfeya.com/book.php?bid=10572http://waqfeya.com/book.php?bid=10572
-
19
َيُۡؤِمنَُ﴿ ََل َِلََِّلِين َب ةَِٱون ث ُلََٓأۡلِخر ََِلَسوۡءَِٖۖٱم ّلِلَ ث ُلَٱو َٰ َٱَلۡم َۡع ََۡۡل و ُهو
زِيزَُٱ ﴾٦٠ۡۡل ِكيمَُٱَلۡع “Isaan Aakhiratti hin amanneef amala gadheetu jiru. Rabbiif immoo sifaata
ol ta’aatu jira. Inni Injifataa, Ogeessa.” Suuratu An-Nahl 16:60
Kana jechuun warroota Aakhiratti hin amanneef amaloota hanquu, hir’uu fi fafee
ta’antu jira. Kanneen akka kufrii, wallaalummaa fi salphinna. Rabbiif immoo
amaloota guutuu hanqinna wayitu hin qabnetu jira. Gara hundaan amalootaa
guutuu kan qabu Isa qofa
Sammuunis sifaanni Rabbii guutuu akka ta’e ni agarsiisa. Sammuudhaan yoo itti
yaadan, wanti jiru hundi amala mataa isaa qaba. Takkaa amala guutuu takkaa
immoo amala hanquu qaba. Amala hanquu qabaachuun Gooftaa haqaan
gabbaramuuf gonkumaa hin malu. Kanaafi, Rabbiin wantoota Isaan alatti
gabbaraman gabbarriin isaaniif godhamu baaxila (soba) akka ta’e ifa baasa.
Sababni isaas, wantoonni Rabbii gaditti gabbaraman kunniin hanqinnaa fi
dadhabinnaan waan ibsamaniif. Rabbiin olta’aan ni jedha:
َِممََ﴿ لُّ ض ۡنَأ ِمنَُدوِنَو م َ ََُّلَلَِٱنَي ۡدُعوا نَََلَي ۡست ِجيُبَل َي ۡوِمَََۥ م َٰ إَِل
ةَِٱ َٰم َٰفِلُونَ َلۡقِي نَُدَع ئِِهۡمَغ ﴾٥و ُهۡمَع “Nama Rabbiin ala waan hanga Guyyaa Qiyaamaatti homaa isaaf hin
awwaannee fi isaan (warri kadhataman) kadhaa isaanii irraa dagatoo ta’an
gabbaru caalaa jallataan eenyu?” Suuratu al-Ahqaaf 46:5
Namni wanta Rabbiin ala jiru gabbaru, hanga Guyyaa Qiyaamatti wanti inni
gabbaru kuni isaaf deebii hin deebisu. Warri kadhataman kunniin kadhaa warra
isaan kadhatu hin dhagahan. Fakkeenyaf, namoonni gara qabrii deemun namoota
du’an kadhatan, namoonni du’an kunniin kadhaa isaaniitiif deebii hin deebisan.
Akkasumas, jalaa hin dhagahan. Kanaafu, nama Rabbii Guddaa kadhaa namaatiif
deebii deebisuu fi rakkoo namaa beeku dhiise, wanta isa hin dhageenne kadhatu
caalaa namni jallataan jiraa?
Aayah tana keessatti wantoonni Rabbiin alatti gabbaraman (waaqefataman)
hanqinna lamaan ibsaman. 1ffaa-kadhaa namootaatiif deebii kennuu hin danda’an.
-
20
2ffaa- kadhaa namoota waan hin dhageenyef wanta namoonni jedhan quba hin
qaban. Kanaafu, beekumsa hin qaban.
Nabii Ibraahim abbaa isaatiin akkana akka jedhe Qur’aanni nuuf hima:
﴿َ نك َُيۡغِنَع َل َو َُيۡبِِصُ َل ُعَو َي ۡسم اََل َت ۡعُبُدَم ب ِتَلِم َٰٓأ بِيهَِي
َِۡل إِۡذَق ال
ۡيَ ﴾٤٢اش “Yeroo inni abbaa isaatiin, “Yaa abbaa koo! Maaliif wanta hin dhageenye,
hin arginee fi homaa sirraa deebisu hin dandeenye gabbartaa?” jedhe
[yaadadhu].” Suuratu Mariyam 19:42
Namni akkamitti wanta hin dhageenye, hin argine fi miidhaaa isarraa hin deebisne
akka gooftaati gabbaraa (waaqefataa)? Taabonni isaan gabbaran kunniin waan hin
dhageenyef, hin argineef amala hanquu qabu. Rabbiin immoo wantoota hundaa
waan dhagahuuf, waan arguu fi miidhaa namarraa deebisuu waan danda’uuf
amaloota guutuu qaba. Kanaafu, gabbarriin (ibaadan) Isa qofaaf ta’uu qaba.
Ragaalee amaloota guutuu Rabbii agarsiisanitti yommuu deebinu, akkuma
mul’atu uumamtoonni gariin amaloota gaarii qabu. Amaloonni kunniin Rabbii
olta’aa irraayi. Amaloota kanniin Kan kenne Rabbiin erga ta’e, amaloota guutuun
hunda caalaa kan ibsamu qabu Isa. Ofii guutuu waan ta’eef nama fedhe guutuu
godha.
Amaloonni Rabbii guutuu ta’uu wantoota agarsiisan keessaa kan biraa fixraadha.
Fixraa jechuun uumama qulqulluu uumamtoonni irratti uumamaniidha. Nafseen
qulqulluun Rabbiin jaallachuu fi Isa ol guddiisuu irratti tan uumamtedha. Sila
nafseen ni jaallatti, ni guddisti sifaanni Isaa guutuu ta’uu kan beekte malee?
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa sifaata guutuu kanneen akka yeroo hundaa
jiraachu, beekumsa, arguu, dhagahuu fi kan birootiin of wassafee (ibsee) jira.
Ammas sifaata hanquu kanneen akka du’uu, muguu, rafuu, dagachuu, dogongoruu
fi kan kana fakkaatan irraa of qulqulleesse jira. Kanaafu, maqaalee (asmaa’a)
hundarra gaarii ta’an kan qabuu fi sifaata guutuu hanqinna wayitu hin qabneen kan
ibsamu Rabbii Tokkicha. Maqaaleen Isaa hundi husnaa (baay’ee gaarii)dha.
Sifaanni (amaloonni) Isaa hundi gugguutudha.
-
21
“Gooftaan kee Gooftaan injifannaa waan isaan jedhaniin irraa qulqullaa’e.
Nageenyis ergamtoota irra haa jiraatu. Faaruun hundi kan Allaah Gooftaa
aalama hundaa ta’eeti.” Suuratu As-Saaffaat 37:180-182
Gooftaan kee Gooftaa abbaa humnaa fi jabeenyaa ta’e wanta daangaa darbitoonni
Isaan jedhan irraa qulqullaa’e. Daangaa darbitoonni "ilma qaba" jedhan, Rabbiin
ilma qabaachu irraa qulqullaa’e. Ammas sifaata (amaloota) hanquu isaan jedhan
hundarra qulqullaa’e. Rabbiin amaloota hanquu irraa erga qulqullaa’e amaloota
guutuun Kan ibsamuudha. Kanaafu, amaloota guutuu waan qabuuf kan dhugaan
Faarfamu Rabbii Gooftaa aalama hundaa ta’eedha. Aalama jechuun wantoota
uumaman hunda.
Qajeelfama Bu’uuraa 2ffaa-Maqaaleen sifaata of keessaa qabu Aqiidaa Ahlu Sunnah wal jama’aa keessatti dhimmoota mirkanaa’an keessaa
tokko maqaaleen Rabbii gaggaariin sifaata of keessatti hammachuudha.
Maqaaleen hundi amaloota Rabbii of keessaa qabu. Akkuma beekamu amala
jechuun wanta wanti tokko ittiin ibsamuudha. Fakkeenyaaf, namni tokko
beekumsa yoo qabaate hayyuu ykn beekaa jennaan. Asitti hayyuun maqaadha.
Namni kuni beekumsa qabaachun amala isaati. Ammas, nama rahmata namaaf
godhu yoo nu qunname, inni nama rahmataati jenna. Rahmata qabaachun isaa
kuni amala isaati.
Maqaaleen Rabbi (Subhaanahu wa ta’aalaa) a’alaama qofa osoo hin ta’in hiika fi
amala of danda’e of keessaa qabu. A’alaama yommuu jennu maqaa dhuunfaa gara
wanta tokko agarsiisudha. Maqaaleen Rabbii a’alaamas sifaatas. Maqaaleen
Rabbii a’alaama yommuu jennu maqaaleen Isaa hundi gara Rabbii Tokkichaa
akeeku. Fakkeenyaaf, Al-Hayy, Ar-Rahmaan, Al-Aliim, Al-Khaaliq, Al-Ghafuur,
As-Salaam, As-Samii’u fi kan biroo gara Rabbii tokkicha akeeku. Hundi isaanitu
maqaalee Isaati. Maqaaleen Rabbii sifaata yommuu jennu immoo maqaaleen Isaa
hundi amaloota fi hiika mataa isaanii qabu. Fakkeenyaf, hiikni Al-Hayy fi Al-
Aliim tokkoo miti. Al-Hayy- Jiraataa yommuu ta’uu, Al-Aliim immoo Beekaadha.
-
22
Al-Hayy sifata (amala) jireenyaa of keessaa qaba. Al-Aliim amala beekumsaa of
keessaa qaba.
Maqaaleen Rabbii a’alaama fi sifaataa kan jenneef Qur’aanni waan agarsiisuufi:
﴿َ ُفورَُٱو ُهو ﴾لرَِحيمَُٱَلۡغ “Inni Araaramaa, Rahmata godhaadha.” Suuratu Al-Ahqaaf 46:8
﴿َ بُّك ر ُفورَُٱو ﴾لرَۡۡح ةِٖۖٱُذوََلۡغ “Gooftaan keetis akkaan araaramaa, abbaa rahmataati.” Suuratu Al-Kahf 18:58
Aayan lammataa Ar-Rahiim kan rahmataan ibsamu akka ta’e agarsiisti. Akka
lugaatittiis yoo deemne, maqaan amala of keessaa qaba. Akka lugaatti, Kuni
Beekaadha hin jedhamu beekumsa kan qabu yoo ta’e malee. Ammas, kuni
dhagahaadha hin jedhamu dhageetti kan qabu yoo ta’e malee. Argaadha hin
jedhamu argitu kan qabu yoo ta’e malee.5 Namni jaamaan “argaadhaa (inni ni
arga)” ni jedhamaa? Kanaafu, maqaaleen Rabbii hundi amaloota of keessaa qabu.6
Rabbiin beekumsa waan qabuuf Beekaa (Al-Aliim) jechuun of waame.
Uumamtootaf rahmata waan godhuuf Ar-Rahiim dha. Waan namootaaf
araaramuuf Al-Ghafuur (Araaramaa) dha. Waan hundaa irratti dandeetti waan
qabuuf Al-Qadiir (Danda’aa) dha. Waan hundaa waan uumuuf Inni Khaaliqa.
Wantoota hundaa waan arguuf Al-Basiir (Argaa) dha. Sagalee hundaa waan
dhagahuuf As-Samii’u (Dhagahaa) dha. Arshii ol olta’iinsa Isaaf maluu waan
olta’ee fi sifaanni Isaa hundii guutuu fi ol’aanoo waan ta’aniif Inni Al-Aliyyu
(Olta’aa) dha. Rabbiin olta’aan ni jedha:
﴿َُ اَِِفََۥل َٰتَِٱم َٰو اَِِفََلَسم ۡرِضٖۖٱو م ََۡۡل ِلَُّٱو ُهو ِظيمَُٱَلۡع ﴾٤لۡع
“Wanti samiwwan keessaa fi wanti dachii keessa jiru hundi kan Isaati. Inni
Olta’aa, Guddaadha (Al-Aliyyu-l-Aziim)” Suuratu As-shuuraa 42:4
Qajeelfama Bu’uuraa 3ffaa-Maqaalee fi sifaanni Tawqiifiiyyah Kana jechuun maqaalee fi sifaanni Rabbii hundi Qur’aana fi hadiisa sahiih ta’an
irratti kan dhaabbatanii fi hundaa’aniidha. Maqaalee fi sifaata Isaa ilaalchise
5 Ta’aliiq alaa Al-Qawaa’idul Muslaa- - fuula 25 6 Sifaatu ilaahiyyati -fuula 17
http://waqfeya.com/book.php?bid=10572http://waqfeya.com/book.php?bid=12023
-
23
wanta Qur’aanaa fi hadiisa keessatti dhufe qofa irratti dhaabbachuun dirqama.
Itti dabaluunis, irraa hir’isuunis hin ta’u. Imaamu Ahmad akkana jedha:
“Eenyullee Rabbiin ibsuu hin danda’u wanta Inni ittiin of ibsee ykn Ergamaan
Isaa ittiin Isa ibse malee. Qur’aanaa fi hadiisni irra hin darbaman.”
Kana jechuun Rabbiin kan itti ibsan (wassafan) sifaata Inni ittiin of ibseen ykn
Ergamaan Isaa ittiin Isa ibsee qofaani. Sifaanni kunniin Qur’aanaa fi hadiisa
keessatti dhufanii jiru. Qur’aanaa fi hadiisan ala bahuun hin danda’amu. Sababni
isaas, sammuun namaa maqaalee fi sifaata Rabbiif malu hunda bira gahee
hubachuu hin danda’u. Rabbiin waan akkana jedheef wanta Qur’aanaa fi hadiisa
keessatti dhufe irratti dhaabbachuun dirqama:
َبِهَِ﴿ َل ك اَل يۡس َت ۡقُفَم َل َ ٱوَ َلَسۡمعَ ٱِعلۡم َإَِنََۦو ادَ ٱوَ َۡۡل ِص ََلُۡفؤ ُُكُّۡسَ ۡنُهَم َع ن ََك َٰٓئِك ل و
ُ ﴾٣٦وَٗلَأ
“Waan beekumsa isaa hin qabnees hin hordofin. Dhugumatti, dhageettin,
argituu fi qalbiin, kuni hundinuu isa irraa gaafatamaa ta’eera.” Suuratu Al-
Israa 17:36
“Waan beekumsaa isaa hin qabnees hin hordofin.” Kana jechuun wanta hin
beeknee fi si hin galchine hin hordofin, duuka hin bu’in. Kana irra, wanta
dubbattuu fi hojjattu hunda mirkaneeffadhu. Wanti dubbattuu fi hojjattu hundi
osoo sirratti hin qabamin ykn siif hin qabamiin akkanumatti waan badu sitti hin
fakkaatin. “Dhugumatti, dhageettin, argituu fi qalbiin, kuni hundinuu isa
irraa gaafatamaa ta’eera.” Kana jechuun dhageettin, argituu fi qalbiin wanta
hojjataniif tokkoon tokkoon ni gaafatamu. Qalbiin wanta itti yaadde fi itti amante
irraa ni gaafatamti, dhageettin wanta dhagahee irraa, argituun wanta argitee irraa
ni gaafatamu.7
Mushrikni (namni Rabbiin waliin waan biraa gabbaruu (waaqefatu)) yaada haqaa
fi sirrii ta’uu isaa hin beekne hordofa. Wanti inni Rabbiin alatti gabbaruu faayda
isaaf fiduu ykn miidhaa isarraa deebisuu isaa hin beeku. Cal’iseetumaan, abbooti
ykn maatii isaa akkeessa. Haala kanaan wanta beekumsa itti hin qabne hordofa.8
Haaluma kanaan, namni maqaalee fi sifaata Rabbiin ittiin of hin waamne fi hin
ibsineen Isa waamu fi ibsu, wanta beekumsa itti hin qabne hordofaa jira. 7 Tafsiiru Qurxubii-13/80, Tafsiiru Sa’diyy-532 8 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur 9/619, Abdurahmaan Hasan Habanka
-
24
Akkasumas, namni maqaalee fi sifaata Rabbiin ittiin of waamee fi ibse, “Lakki,
kuni Rabbiif hin malu” jechuun maqaalee fi sifaata Qur’aana fi hadiisa keessatti
mirkanaa’an hin fudhanne, wanta beekumsa irratti hin qabne hordofaa jira.
Kanaafu, wanta amaneef, wanta dubbatee fi hojjateef ni gaafatama. Kanaafi,
Yahuudonni amaloota hanquun yommuu Rabbii guddaa ibsan, abaarsi fi adabbiin
cimaan isaaniif ta’e.
“Dhugumatti Rabbiin jecha warra, “Rabbiin hiyyeessa, nuti dureeyyidha.”
jedhanii dhagahee jira. Waan isaan jedhanii fi ajjeechaa isaan Nabiyyoota
irratti haqaan ala raawwatan ni barreessina. “Adabbii [ibidda] gubaas
dhandhamaa” isaaniin jenna. Suni sababa waan harki keessan dabarfatee fi
Rabbiinis gabroota kan hin miine ta’uu isaatiini.” Suuratu Aali-Imraan 3:181-
182
“Suni sababa waan harki keessan dabarfatee fi Rabbiinis gabroota kan hin
miine ta’uu isaatiini.” Kana jechuun azaaba (adabbii) cimaan isinitti bu’e suni
sababa isin addunyaa keessatti wanta badaa hojjattanii fi dubbattaniifi. Ammas,
sababa Rabbiin gabroota Isaa kan hin miine ta’eefi. Rabbiin gonkuma isin hin
miine. Garuu sababa waan badaa dubbattanii fi hojjattaniif adabbii ibiddaa
garmalee nama gubuu kana dhandhamtu. Wanti garmaleen badaan isin dubbattan,
Rabbiin irratti jecha fokkuu dubbachudha. Wanti badaan isin hojjattan, nabiyyoota
haqa malee ajjeesudha.
Kanaafu, Rabbiin kan waamanii fi ibsan maqaalee fi sifaata Qur’aana fi hadiisa
keessatti dhufaniini. Qur’aanaa fi hadiisan ala bahuun wanta hin taane Isa irratti
dubbachuun yakka guddaa adabbi cimaatti nama geessudha.
Qajeelfama Bu’uuraa 4ffaa: Sifaanni maqaalee caalaa bal’aadha Sifaanni (amaloonni) Rabbii maqaalee Isaa caalaa bal’aadha. Sababni isaas, sifaata
Isaa keessaa kan hojii Rabbiitiin wal qabatantu jiru. Akkuma dubbii Isaa hojiin
Isaas daangaa fi dhuma hin qabu. Maqaaleen Isaa hundi sifaata (amaloota) kan of
keessaa qabaniidha. Garuu sifaanni hundi maqaa Rabbii ta’uu hin danda’an. Kana
-
25
jechuun sifaata ykn hojii Isaa hunda irraa maqaan Rabbii hin baafamu.
Fakkeenyaf, Rabbiin kaafirota fi faasiqota irratti ni dallana. Dallansun sifata Isaati.
Asitti maqaan “dallansu (ghadaba)” irraa baafamuun, Rabbiin Ghadbaan
(Dallanaa) dha hin jedhamu9. Ammas, sifaata Rabbii keessaa dhufaati, qabuu fi
kan birooti. Akkuma Rabbiin Qur’aana keessatti jedhe:
َوَ ﴿ بُّك ا ء َر ل ُكَٱو ج اَلۡم ِفٗ اَص ِفٗ ﴾٢٢ص “[Yeroo] Gooftaan kee dhufee fi malaykoonnis hiriira hiriiran” Suuratu Al-
Fajr 89:22
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa uumamtoota jidduutti murteessuf Guyyaa
Qiyaamaa ni dhufa.
َوَ ﴿ ۡون َِِء اِلَفِرۡع ۡأ د أَِبَََّلِينَ ٱك َ َذبُوا ۡبلِِهۡم َك َٰتِن اَف َِمنَق ُهُمَتَٰي ذ خ
َّلَلَُٱأ
وَ ِديُدََّلَلَُٱبُِذنُوبِِهۡمَۗۡ ا َِِٱش ﴾١١لۡعِق “[Aadaan isaanii] akka aadaa namoota Fira’awnaa fi warra isaan dura
turaniiti. Keeyyattoota Keenya ni kijibsiisan, Rabbiinis badii isaanitiin isaan
qabe. Rabbiinis abbaa adabbii cimaati.” Suuratu Aali-Imraan 3:11
Sifaata kanniin akkuma Qur’aana keessatti dhufanitti Rabbiin ittiin wassafna
(ibsinaa) malee maqaa gochuun ittiin Isa hin waamnu. Akkana jechuu hin
dandeenyu: maqaa Rabbii keessaa, Al-Jaa’i (Dhufaa), Al-Aakhiz (Qabaa) fi kkf.10
Qajeelfama Bu’uuraa 5ffaa: Sifaanni Rabbii (subhaanahu wa ta’aalaa) bakka lamatti qoodamu: Subuutiyyah fi Salbiyyah Sifaata subuutiyyah jechuun sifaata (amaloota) gugguutuu Rabbiin kitaaba Isaa
keessatti yookiin arraba Ergamaa Isaa (SAW) irratti mirkaneessedha. Sifaanni
kunniin gara hundaan guutuu kan ta’anii fi hanqinna wayitu kan of keessaa hin
qabneedha. Kanneen akka jireenyaa, beekumsa, dandeetti, Arshii ol olta’uu, gara
samii gadii aantutti bu’uu, Fuula, harka lamaanii fi kan biroo. Ragaa shari’aa fi
sammuutiin akkaataa Isaaf maluun sifaata kanniin Rabbiif mirkaneessun waajiba
(dirqama).
Ragaa shari’aa keessaa jecha Rabbii olta’aa dhiyeessun ni danda'ama:
9 Ta’aliiq alaa Al-Qawaa’idul Muslaa- fuula 41 10 Madda olii
http://waqfeya.com/book.php?bid=10572
-
26
“Yaa warra amantan! Rabbitti, Ergamaa Isaatti, kitaaba Ergamaa Isaa
irratti buusettii fi kitaaba san dura buusetti amanaa. Namni Rabbitti,
Malaaykota Isaatti, Kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti fi Guyyaa
Aakhiraatti kafare, dhugumatti jallinna fagoo jallatee jira.” Suuratu An-Nisaa
4:136
Rabbiitti amanuun sifaata Isaatti amanuu of keessatti hammata.
Kitaaba Ergamaa Isaa irratti buusetti amanuun sifaata Rabbii isa keessatti dhufee
guututti amanuu of keessaa qaba.
Ergamaa Isaatti amanuun wanta Ergamaan Rabbiin irraa beeksiseetti amanuu of
keessaa qaba.
Ragaan sammuu immoo:
Rabbiin sifaata ofii kan beeksisee waan ta'eef, hunda caalaa sifaata ofii kan
beekudha; hunda caalaa dhugaa kan dubbatuu fi haasawaanis hundarra kan
caaludha. Kanaafu, akkuma Inni beeksiseetti shakkii tokko malee mirkaneessun
dirqama. Odeefannoo keessatti shakkiin kan uumamu sababoota sadii keessaa
tokkooni: wallaalummaa, kijiba, odeefannoo san sirnaan ibsuu dadhabuu.
Hanqinni sadan kunniin Rabbiif gonkumaa kan hin malleedha. Rabbiin waan
hundaa beekadha, gonkumaa wallaalummaan, dagachuu fi dogongoruun Isa hin
qunnamu. Inni eenyun caalaa dhugaa kan dubbatuudha. Hunda caalaa dubbii Ofii
kan ibsuudha. Kanaafu, akkuma Inni beeksisetti odeefannoo Isarraa dhufee
fudhachuun dirqama.
Wanti Nabiyyiin Rabbiin irraa beeksisees akkuma kana. Sababni isaas, Nabiyyiin
namoota hundaa caalaa waa’ee Gooftaa isaa kan beekudha. Hunda caalaa dhugaa
kan dubbatuudha, hunda caalaa dhugaadhaan namoota gorsa, namoota hunda
caalaas dubbii ibsa. Kanaafu, akkuma inni beeksisetti fudhachuun ni barbaachisa.
Sifaata salbiyyah jechuun wanta Rabbiin (subhaanahu) kitaaba Isaa yookiin
arraba Ergamaa Isaa irratti Ofirraa dhabamsiiseedha. Sifaanni salbiyyah hundi
Rabbiif sifaata hir’uu ykn hanquu ta’aniidha. Kanneen akka du’uu, rafuu,
-
27
wallaalummaa, dagachuu, dadhabbii fi kkf sifaata (amaloota) hir’uu ta’aniidha.
Faallaa isaanii mirkaneessu waliin sifaata hir’uu kanniin Rabbiin irraa
dhabamsiisuun dirqama. Kana jechuun faallaan sifaata hir’uu guutuu akka ta’an
amanuun sifaanni hir’uun kunniin Rabbiif akka hin malle mirkaneessu fi
amanuudha. Fakkeenyaf, faallaan du’uu jireenya. Jireenyi sifata guutuu Rabbiif
maluudha. Duuti immoo sifata hir’uu Rabbiif hin malleedha.
Qajeelfama Bu’uuraa 6ffaa: Wanti Rabbiin Ofirraa dhabamsiise faallaan isaa guutuudha Qajeelfamni bu’uuraa kuni qajeelfama bu’uura 5ffaa keessatti sifaata salbiyyah
irraa kan itti fufeedha. Dubbistoonni gariin “Dhabamsiisuun” maali jechuun
dhama’u danda’u. “Dhabamsiisuu” jechuun “sifni (amalli) kuni isaaf hin malu
ykn inni amala akkanaa hin qabu” jechuun mirkaneessudha. Rabbiin subhaanahu
wa ta’aala sifaata hir’uu kan ofirraa dhabamsiisuuf, dhabamsiisuu qofaaf osoo
hin ta’in, faallan sifaata hir’uu kanaa guutuu akka ta’e ibsuufi. Yoo wanta
guutummaa agarsiisuu of keessaa hin qabaatin dhabamsiisuun qofti guutuu hin
ta’u. Sababni isaas, dhabamsiisuun wanta hin jirre ta’a. Wanti hin jirre immoo
homaayyu miti.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Qur’aana keessatti karaa adda addaatin
amaloota hir’uu ofirraa dhabamsiisa. Amaloonni hir’uu kunniin faallaan isaanii
guutuudha. Akka fakkeenyaatti Aayaata muraasa mee haa ilaallu:
﴿َ ََع ََّكۡ ت و َِِٱو ََََِّلِيٱَلۡح ِبِۡحَِِب ۡمِده ُموُتَو س َي ََل ﴾ۦ “[Yeroo hundaa] Jiraataa gonkumaa hin duune irratti hirkadhu. Faaruu
Isaatiniis Isa [faarsii] qulqulleessi.” suuratu Al-Furqaan 25:58
Jireenyi Isaa guutuu waan ta’eef du’a ofirraa dhabamsiise. Faallaan du’aa
jireenya.
“Gooftaan kee eenyunillee hin zollomu (hin miidhu)” (Suuratu Al-Kahf 18:49)
Adlin (Haqummaan) Isaa guutuu waan ta’eef zulmii (miidhaa) ofirraa dhabamsiise
“Rabbiin samii keessattii fi dachii keessatti wanti Isa dadhabsiisuu tokkollee
hin jiru. Dhugumatti Inni Beekaa, Danda’aa ta’eera.” Suuratu Faaxir 35:44
Beekumsi fi Dandeettin Isaa guutuu waan ta’eef dadhabbinna ofirraa dhabamsiise.
Sababni dadhabbinnaa: takkaa sababoota wanta san ittiin hojjatan wallaalu takkaa
immoo dandeetti dhabuudha. Beekumsi fi Dandeettin Rabbii guutuu waan ta’eef
samii fi dachii keessatti wanti Isa dadhabsiisu tokkollee hin jiru.
-
28
Ammas suurah biraa keessatti akkana jedha:
“Dhugumatti samii fi dachii akkasumas wantoota isaan lamaan jidduu jiran
guyyoota jaha keessatti uumne; dadhabbiin homaatu Nu hin tuqne.” Suuratu
Qaaf 50:38
Dandeetti fi Humni Isaa guutuu waan ta’eef dadhabbinna ofirraa dhabamsiise.
Ammas Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilmaa fi niiti qabaachu ofirraa
dhabamsiisa:
َٰن هَُ﴿ ُسۡبح َٖٖۖ ل َِمنَو َتِخذ نَي َِأ َّلِلَ ن اََك ُقوُلََۥ َم اَي ۡمٗراَف إَِنم
َأ َٰٓ إِذ اَق َض
َُ ي ُكونََُۥل ﴾٣٥ُكنَف “Rabbiif ilma taasifachuun hin malu. Inni qulqullaa’e. Dhimma tokko yoo
murteesse, "Ta'i" isaan jechuu qofa, wanti sunis yoosu ta'a.” Suuratu
Mariyam 19:35
Durummaan Isaa guutuu waan ta’eef ilma qabaachun Isaaf hin malu. Namni ilma
kan barbaaduuf dadhabaa waan ta’ee fi gara hundaan dureessa waan hin taanefi.
Yeroo dullummaa akka isaa gargaaru fi sanyiin isaa itti fuftuuf ilmatti hajama.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta hundarraa dureessa waan ta’eef homattu
hin hajamu. Dureessa jechuun kan homattu hin hajamnedha. Inni yeroo hundaa
dandeetti guutuu waan qabuuf gonkumaa hin dadhabu. Kanaafu, ilmatti hin
hajamu. Ammas, Inni Tokkicha sanyii hin qabneedha. Yeroo hundaa Jiraataa hin
duunedha. Kanaafu, gonkumaa ilmatti hin hajamu. Kanarraa ka’uun sifaanni
salbiyyah (hanquu) faallaan isaanii guutuu akka ta’an ni beekna.
Hubachiisa: Sifaanni subuutiyyah sifaata guutuu fi faaruu waan ta’aniif
Qur’aanaa fi sunnah keessatti garmalee baay’eedha. Kanaafi, Rabbiin subhaanahu
wa ta’aala sifaata hanquu caalaa sifaata guutuu baay’isee dubbate. Yeroo baay’ee
sifaanni hanquun haala sadii armaan gadii keessatti dubbatamu:
1ffaa-Guutummaa Isaa ibsuuf
Akka fakkeenyaatti Qur’aana keessatti:
-
29
“Wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru.” (Suuratu Ash-Shuura 42:11)
“Qixxaatan (fakkaatan) tokkollee Isaaf hin jiru.” (Suuratu Al-Ikhlaas 114:4)
2ffaa- Wanta kijibdoonni odeessan diiguu fi kijiba akka ta’e mirkaneessuf. Akka
fakkeenyaatti Qur’aana keessatti ni jedha:
ا﴿ ً ل َو َتِخذ نَي اَي ۢنب ِغَلِلَرِنَٰمۡحَأ ﴾٩٢و م
“Rahmaan ilma godhachuun gonkumaa Isaaf hin malu” Suuratu Mariyam
19:92
3ffaa-Dhimma addaatiin wanta wal qabate ilaalchise yaada sobaa deemsiisuuf:
Qur’aana keessatti:
ل ۡقن اَ﴿ اَخ ا ءَ ٱو م َٱوَ َلَسم ۡرض ََۡۡل نُّ َظ َٰلِك ذ َِٰطٗٗلَ اَب اَب ۡين ُهم َََّلِينَ ٱو م
ُرو ف َك ِمن َ ُروا ف َك ۡيٞلَلََِِّلِين َف و ﴾٢٧نلَارَِٱا “Samii, dachii fi wantoota giddu lamaan isaanii jiran taphaaf hin uumne. Sun
hubannoo warra kafaraniiti. Warra kafaraniif ibidda irraa ee badii isaanii!”
Suuratu saad 38:27
Warroonni kafaran (Rabbitti hin amanne fi Islaama hin hordofne) samiin, dachii
fi wantoonni isaan lamaan jidduu jiran taphumaaf ykn faayda tokko malee akka
uumaman godhanii yaadu. Sababni isaas, addunyaa tana malee Guyyaa Qiyaamaa
lamuu kaafamun hin jiru jedhanii waan amananiif. Kuni Rabbii ogeessa fi beekaa
ta’eef gonkumaa hin malu. Kanaafu, samii, dachii fi wantoota isaan lamaan jidduu
jiran taphaaf kan uume osoo hin ta’in, namoonni beekumsi fi dandeettiin Isaa
guutuu akka ta’ee akka beekaniifi. Ergasi Isa qofa akka gabbaraniifi. Guyyaa
Qiyaamaa immoo jazaa isaaniif kafala.
Qajeelfama Bu’uuraa 7ffaa: Sifaanni subuutiyyah (guutuu ta'an) bakka lamatti qoodamu: Zaatiyyah fi Fi’iliyyah 1ffaa-Sifaanni Zaatiyyah- sifaata Zaata Rabbii Olta’aa irraa gonkumaa addaan
hin baanedha. Yookiin Sifaata Zaata Isaatiin wal-qabataniidha. Kanneen akka
beekumsa, dandeetti, dhageetti, arguu, jabeenya, ogummaa (hikmaa), olta’uu,
guddinna, Fuula, Harka. Sifaanni kunniin sifaata Rabbii Olta’aa amaloota
-
30
makhluuqaatin wal hin fakkaannedha. Qur’aana keessatti Rabbiin subhaanahu
wa ta’aalaa harka lama akka qabuu ni mirkaneessa. (Ilaali suuratu Al-Maa’idah
5:64) Garuu harki Isaa akka harka uumamtootati miti. Sababni isaas, “Wanti Isa
fakkaatu tokkollee hin jiru.” (Suuratu Ash-Shuura 42:11) Inni Harka lama
addaa Isaaf malu qaba. (Waa’ee kanaa bal’innaan kitaabban ahli Sunnah irraa
sharih aqiidatu Xahaawiyyah fi Sharihu aqiidatu al-waasixiyyah ilaalun ni
danda’ama.)
2ffaa- Sifaatu Fi’iliyyah- sifaata fedhii Isaatiin wal-qabataniidha. Yoo fedhe ni
hojjata, yoo hin fedhin hin hojjatu. Kanneen akka Guyyaa Qiyaamaa dhufuu, gara
samii gadi aantutti bu’uu, dallanuu, jaallachu.
Garaagarummaan sifaata Zaatiyyah fi Fi’illah jidduu jiru: Sifaanni Zaatiyyah
sifaata fedhiin wal hin qabanneedha. Sifaanni Fi’iliyyah immoo fedhii Isaatiin kan
wal-qabataniidha. Garaagarummaan isaanii ifa: Jireenyi sifata Zaatiyyaati, fedhiin
kan wal hin qabanneedha. Zaanni Rabbii jireenya irraa gonkumaa adda hin bahu.
“Inni yoo fedhe jiraatadha” hin jettu. Akkasumas, yoo fedhe ni beeka, ykn
yommuu fedhetti abbaa jabeenyati” hin jedhamu. Sifaanni kuni hundi sifaata Zaata
Isaatiif barbaachisaniidha.
Sifaanni fi’iliyyah sifaata filannoo ykn hojiwwan filannoo jedhamuunis ni
waamamu. Kunniin fedhii Isaatiin kanneen wal qabataniidha. Fakkeenyaf, bu’uu
(nuzuul). Akkana jechuu ni dandeessa: “Yeroo fedhetti Rabbiin ni bu’a.”11
Guduunfaa
☝Walumaagalatti sifaanni bakka lama gurguddaatti qoodamu:
✏1ffaa-Sifaata Subuutiyyah- kuni sifaata guutuu Rabbiin mirkaneessedha. Kanneen akka jireenyaa, beekumsa, dandeetti, ogummaa (hikmaa), araaramu,
rahmata, Arshii ol olta'uu, guddinna, durummaa, Tokkichummaa, uumuu fi
kanneen biroo.
✏2ffaa-sifaata salbiyyah-kunniin sifaata hanquu ta'an Rabbiin ofirraa dhabamsiisedha. Kanneen akka du'uu, rafuu, muguu, dadhabuu, ilma qabaachu,
tapha, wallaalummaa, dagachuu, dogongoruu fi kanneen biroo. Amaloonni
kunniin hundi Rabbiif hin malan.
✏“Dhabamsiisuu” jechuun “sifanni (amalli) kuni isaaf hin malu ykn inni amala akkanaa hin qabu” jechuun mirkaneessudha.
✏ Alhamdulillah yommuu jennu sifaata subuutiyyan (guutuun) hundi kan Isaa
11 Ta’aliiq alaa Al-Qawaa’idul Muslaa- fuula 69-78, Sifaatu ilaahiyyati -fuula 57-66
https://waqfeya.com/book.php?bid=10572https://waqfeya.com/book.php?bid=12023
-
31
waan ta'eef, "Faarun hundi kan Rabbiiti" jechaa jirra. Subhaanallah yommuu
jennu sifaanni salbiyyah Isaaf kan hin mallee waan ta'aniif "Rabbiin sifaata
hanquu ykn hir'uu irraa qulqullaa'e" jechaa jirra. Kanaafu, sifaata subuutiyyah
"Alhamdulillah" jechuun mirkaneessina. Sifaata salbiyyah immoo subhaanallah
jechuun dhabamsiisna.
☝Sifaanni hir'uun Rabbiin ofirraa dhabamsiise faallaan isaanii guutuudha. Kanaafi, sifaanni Isaa hundii guutuu akka ta'an ibsuuf sifaanni hir'uun Isaaf akka
hin malle beeksise. Haqummaan (Adliin) Isaa guutuu waan ta'eef zulmii ofirraa
dhabamsiise. Jireenyi Isaa guutuu waan taateef du'uu, rafuu fi muguu ofirraa
dhabamsiise.
☝ Inni Dureessa homattu hin hajamne, Yeroo hundaa Jiraataa, Waan hundaa irratti Danda'aa, Tokkicha fakkaataa hin qabne waan ta'eef ilmi akka Isaaf hin
malle irra deddeebi'uun mirkaneesse. Mee itti xinxalli, ilma godhachuun sifaata
(amaloota) kana hunda faallessa: Durummaa, yeroo hundaa jiraachuu, waan
hundaa irratti danda'aa ta'uu, Tokkicha fakkaata hin qabne ta'uu. Namni
hiyyeessa waan ta'eef ilma barbaada. Yeroo hundaa waan hin jiraanneef sanyiin
isaa akka itti fuftuuf ilma argachuu kajeela. Dadhabaa waan ta'eef yeroo
dullummaa akka isa gargaaruf ilmatti hajama. Ilmi yoo dhalate abbaa fakkaata.
Rabbiin hanqinna kanniin hundarra qulqulluudha. Namoonni "Gooftaan ilma
qaba" jedhan hanqinna kana hundaan Isa ibsaa jiru. Subhaanallahi ammaa
yasifuun (wanta isaan ittiin Isa ibsan irra Rabbiin qulqullaa'e)!!!
Qajeelfama Bu’uuraa 8ffaa: Sifaata yommuu mirkaneessan wantoota dhoowwaman lama irraa bilisa gochuun garmalee barbaachisaadha: 1ffaa-Tamsiil (Fakkeessu), 2ffaa-Takyiif (akkaata dubbachuu)12
Tamsiil jechuun sifaanni (amaloonni) Rabbii sifaata (amaloota) uumamtootaatiin
wal fakkaatan jedhanii amanuudha. Fakkeenyaf, beekumsi fi dandeettin Rabbii
subhaanahu beekumsa fi dandeetti uumamtootatin wal fakkaata jechuu. Yookiin
Beekumsi, Dandeettin, dhageettin, argituun Isaa akka beekumsa, dandeetti,
dhageetti, argituu uumamtootati” jedhanii amanuu. Daliila (ragaa) shari’aa fi
sammuutiin amantiin akkanaa baaxila (soba).
12 Ta’aliiq alaa Al-Qawaa’idul Muslaa- fuula 80-85, Ibn Useyminii fi Abdurahmaan bin Naasir Al-Barraak
https://waqfeya.com/book.php?bid=10572
-
32
Ragaa shari’aa irraa jecha Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa eerun ni danda’ama:
“Wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru.” (Suuratu Ash-Shuura 42:11)
“Qixxaatan (fakkaatan) tokkollee Isaaf hin jiru.” (Suuratu Al-Ikhlaas 114:4)
Ragaa sammuus karaa adda addaatin dhiyeessuun ni danda’ama:
1ffaa- Khaaliqaa fi uumamtoota jidduu garaagarummaan Zaata akka jiru sirritti
kan beekkameedha. Zaataan erga gargar ta’anii sifaataniis gargar ta’uun ni
barbaachisa. Sababni isaas, wanti amalaan (sifataan) ibsamu hundi amala isaaf
malu qaba. Akkuma amaloota uumamtoota irraa ifa ta’utti. Uumamtoonni
akkuma zaatan gargar ta’an amalli hunda isaanitu garagara. Fakkeenyaaf, humni
gaalaa humna mixiitiin (dagandaatin) wal hin fakkaatu. Uumamtoota jidduu
garaagarummaan jiru erga ifa ta’ee, Uumaa fi uumamtoota jidduu
garaagarummaan jiru baay’ee guddaa fi garmalee addaan fagoodha.
2ffaa- akkana jechuun ni danda’ama: Khaaliqni gara hundaan guutuu ta’e
akkamitti sifaata Isaa keessatti makhluuqa (uumamaa) hir’uu fi kan isa guututti
hajamuun wal fakkaataa? Amantin kuni haqa Khaaliqaa hir’isuu malee wanta
biraa ta’uu danda’aa?
3ffaa- Uumamtoota keessatti wanta maqaaleen walitti galan garuu haqiiqaa fi
akkaataan isaanii garagara ta’e ni argina. Namni harka akka qabu ni argina. Garuu
harki isaa akka harka arbaati miti. Ammas, humni isaa akka humna gaalaati miti.
Maqaan walitti haa galanii malee haqiiqaan isaanii garagara. Kunis harka, sunis
harka; kunis humna sunis humna. Garuu isaan jidduu akkaataa fi haalan
garaagarummaatu jira. Kanarraa ka’uun, maqaadhaan walitti galuun haqiiqaan
walitti galuu hin barbaachisu. (Kana jechuun wanti tokko maqaan yoo wal
fakkaate haqiiqan (maalummaan) isaanii wal fakkaata jechuu miti. Namnis harka
qaba, fardis harka qaba. Garuu harki namaa fi harki fardaa wal hin fakkaatan. Jecha
“Harka” jedhu nama fi fardaaf haa fayyadamnu malee harki isaan lamaanii
garagara. Kanaafu, haqiiqaan amalaa uumamtoota jidduu jiru garagara erga ta’e,
haqiiqaan sifaata Khaaliqa fi makhluuqa jidduu jiruu baay’ee garagara. Rabbiin
subhaanahu wa ta’aala harka lama akka qabuu Qur’aanaa fi hadiisa sahiih ta’an
keessatti dhufee jira. Garuu harki Isaa harka uumamtotaatiin gonkumaa wal hin
fakkaatu. )
Takyiif jechuun immoo namni sifaata mirkaneessu sifaanni Rabbii akkana akkana
jiran jechuun amanuudha. Jecha biraatin akkaataa sifaataa dubbachuudha. Namni
akkaataa sifaataa dubbatu (takyiif godhuu), “Rabbiin akkanatti dhagaha, akkanatti
arga, akkanatti gara samii gadi aantu bu’a” jedhe dubbachuudha. Ragaa shari’aa fi
-
33
sammuutin kuni amanti baaxila ta’eedha. Ragaa shari’aa irraa jecha Rabbii
olta’aa dhiyeessun ni danda'ama:
اَل َ﴿ َت ۡقُفَم َل َبِهَِو َل ك َ ٱوَ َلَسۡمعَ ٱِعلۡم َإَِنََۦيۡس ادَ ٱوَ َۡۡل ِص ََلُۡفؤ ُُكُّۡسَ ۡنُهَم َع ن ََك َٰٓئِك ل و
ُ ﴾٣٦وَٗلَأ
“Waan beekumsaa isaa hin qabnees hin hordofin. Dhugumatti, dhageettin,
argituu fi qalbiin, kuni hundinuu isa irraa ni gaafatamu.” Suuratu Al-Israa
17:36
Aayah tana ilaalchise Ibn Abbaas ni jedha:wanta hin beekne hin dubbatin. Aalimni
Qataadah jedhamus ni jedha: wanta hin argine “argee jira” hin jedhin, wanta hin
dhageenye dhagaye” hin jedhin, wanta hin beekne “nan beeka” hin jedhin. Rabbiin
kana hundarraayyu si gaafata.13
Akkuma beekkamu akkaataa sifaata Gooftaa keenyaa ilaalchisee beekumsa hin
qabnu. Sababni isaas, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa waa’ee sifaata Isaa nutti
beeksise jira, garuu akkaataa sifaata kanniini nutti hin beeksiisne. Kanaafu,
akkaataa sifaata Isaa dubbachuun wanta beekumsa itti hin qabne hordofuu fi wanta
guutumatti hin beekne dubbachu ta’a.
Ragaan sammuu immoo:
1-Akkaataa sifaata wanta tokkoo karaalee sadan kanniin qofaan beekkama:
Takkaa zaata isaa beeku, takkaa wanta isaan wal fakkaatu beeku takkaa immoo
odefannoon dhugaa isarraa dhufuu. Akkaata sifaata Rabbii ilaalchise karaaleen
sadan kunniin hunduu kan hin jirreedha. Kana jechuun zaatni Isaa akkam akka
ta’e hin beeknu, wanti Isaan wal fakkaatu tokkollee hin jiru; odeefannoon dhugaa
akkaata sifaata Isaa nutti himus hin dhufne. Kanaafu,akkaataa sifaata
dubbachuun soba (baaxila).
2-Ammas akkana ni jenna: akkaataa akkamii sifaata Rabbii olta’aaf tilmaamu
dandeessaa? Akkaataan kamiyyuu ati sammuu kee keessatti tilmaamtu, Rabbiin
san irra garmalee guddaa fi olta’aa dha. Akkaataa kamiyyuu sifaata Rabbiif yoo
tilmaamte, sifaata kanniin ilaalchise ati kijibaa taata. Sababni isaas, waa’ee kanaa
13 Tafsiir Ibn Kasiir 5/74
-
34
ilaalchisee beekumsa hin qabdu. Kanaafu, akkaataa sifaataa qalbiin tilmaamu ykn
arrabaan dubbachuu ykn qubbiiniin akeekuu irraa of qusachuun dirqama.
Kanaafi, yommuu Imaamu Maalik (rahimahullahu) Aayah tana ilaalchise:
َٰنَُٱ﴿ ََلرَۡحم ۡرِشَٱَع ىََٰٱَلۡع ﴾٥ۡست و “Ar-Rahmaan Arshii ol olta’e” Suuratu Xaahaa 20:5
“Istawaan (Olta’iinsi) akkami?” jedhamee yommuu gaafatamu, hanga dafqii irraa
coccobuu mataa isaatiin gadi jedhe. Ergasii akkana jedhe, “Istawaan wanta
wallaalame miti, akkaataa isaa wanta sammuun hubachuu hin dandeenyedha,
isatti amanuun waajiba (dirqama), waa’ee isaa gaafachuun bid’aadha.”
Kana jechuun hiikni istawaa wanta wallaalame miti. Hiikni isaa ni beekkame.
Istawaa jechuun olta’e jechuudha. Garuu akkaataa Rabbiin subhaanahu wa
ta’aalaa Arshii ol olta’e sammuun namaa hubachuu hin danda’u. Rabbiin Arshii
ol olta’iinsa Isaaf malu akka olta’e amanuun waajiba. Sababni isaas, Rabbitu
Qur’aana keessatti beeksise. Qur’aanatti amanuu jechuun immoo wanta isa keessa
jirutti amanuudha. “Waa’ee isaa gaafachuun bid’aadha” kana jechuun “Rabbiin
akkamitti Arshii ol olta’e?” jedhanii gaafachuun bid’aa (wanta haarawa
argameedha). Sababni isaas, sahaabonni waa’ee kanaa Nabiyyi hin gaafanne.
Barsiisaan imaamu Maalik kan ta'e Rabi’ah irraayis akkana jedhamuun gabaafame
jira, “Istawaan wanta wallaalame miti, garuu akkam akka ta’e sammuun namaa
hubachuu hin danda’u.”
Isaan lamaan booda warri beekumsaa miizanaa (madaala) kanaan deemanii jiru.
Akkaataan sifaataa sammuun namaa hubachuu kan hin dandeenye fi shari’aa
keessatti kan hin dhufne erga ta’ee, akkaata (takyiifa) irraa of qabuun dirqama.
Takyiifa gochuu (sifaanni Rabbii akkana akkana jechuu) irraa of eeggadhu, of
eeggadhu! Yoo akkana goote bakka nama balleessu keessa seenun boodarra
keessaa bahuu hin dandeessu. Yoo sheyxaanni qalbii kee keessatti darbe,
waswasaa isaa akka ta’e beekun gara Gooftaa keeti dheessi Inni si eegati. Wanta
Inni itti si ajaje hojjadhu, Inni si fayyisaati. Rabbiin olta’aan ni jedha:
-
35
﴿َ َِمن َنك َٰنَِٱِإَوَماَي ن غ ََِۡست عِذَۡٱن ۡزغَٞف ََلَشۡيط ََۥإِنَهََُّلَلِ َٱب ِميع س لِيمَ ﴾٢٠٠ع
“Yoo garagalchaan (hasaasni badaan) sheyxaana irraa sitti dhufe, Rabbitti
maganfadhu. Dhugumatti Inni Dhagahaa, Argaadha.” Suuratu Al-A’araaf
7:200
Kana jechuun yommuu sheyxaanni wanta badaa sitti wasawasuu (hasaasu), hojii
gaarii irraa duubatti si harkisuu ykn hojii badaatti si kakaasu, gara Rabbii
dheessuun akka si eegu kadhadhu. Inni wanta jettu dhagahaadha. Niyyaa,
dadhabinna kee fi hangam gara Isaatti akka dheessitu ni beeka. Yoo dhugaan gara
Rabbii dheessun sheyxaana irraa akka si eegu kadhatte, Inni qormaataa fi
waswasaa isaatirraa si eega.14
Maddi jallinnaa guddaan Khaaliqa makhluuqatti fakkeessu ykn makhluuqa
Khaaliqatti fakkeessudha. Imaamu Ibn al-Qayyim ni jedha: “Haqiiqaan shirkii-
Khaaliqatti waa fakkeessu fi Khaaliqa makhluuqaan wal fakkeessudha. Kuni
haqiiqaadhaan fakkeessudha.” Ilmaan namaa baay’een isaanii makhluuqa
Khaaliqatti fakkeessutti kufan. Mushrikoonni (warroonni Rabbiin waliin waan
biraa gabbaran) yommuu amala Rabbiif qofa ta’uu wanta gabbaraniif godhan,
wanta gabbaran san Khaaliqatti fakkeessan. Haala kanaan, Rabbiin waliin
gabbaramaa biraa godhatan. Mushrikni wanta gabbaru san Rabbal-aalamiinan wal
fakkeessa. Kanaafi, keeyyanni Qur’aanaa makhluuqa Khaaliqatti fakkeessu
garmalee morma. Aayaata irranatti eerre waliin aaya bira haa daballu:
﴿َِ ّلِلَ َ َت ۡۡضُِبواَٱف ٗل
َت ۡعل ُمونَ َّلَلَ ٱإَِنََۡمث ال َۡۡل نُتۡمََل
أ ۡعل ُمَو ﴾٧٤ي
“Rabbiif fakkeenya hin godhinaa. Dhugumatti Rabbiin ni beeka, isin hin
beektan.” (Suuratu An-Nahl 16:74)
Kiristaanonni uumama (makhluuqa) Uumaan (Khaaliqaan) wal fakkeessun
beekkamu. Kanaafi, jallinna hangana hin jedhamne keessatti taran. Namoonni
Guyyaa Qiyaamaatti hin amannes Uumaa uumamaan wal fakkeessu. Beekumsaa
fi Dandeetti Rabbii subhaanahu akka beekumsa fi dandeetti ilma namaatti waan
14 Tafsiir sa’diyyi-356
-
36
ilaalaniif namoonni du’an lamuu hin kaafaman jechuun mormu. Namoonni badii
hojjatanis, “Rabbiin nu hin argu, nu hin dhagahu” jechuun yaada badaa yaadun
badii isaanii itti fufu. Dhugumatti, Khaaliqa makhluuqatti fakkeessun ykn
makhluuqa Khaaliqatti fakkeessun jallinna hangana hin jedhamnetti nama
dabarsa. Akkuma shekhni irranatti jedhe of eegganno, of eeggannoo guddaa
barbaachisa.
Qajeelfama Bu’uuraa 9ffaa: Tanziih (Qulqullessun) ta’axiil irraa bilisa ta’uu Ta’axiil jechuun wanta dhugaadhaan mirkanaa’e dhabamsisuudha. “Tanziih
(qulqullessun) ta’axiil irraa bilisa ta’uu” jechuun wanta Rabbiif hin malle irraa Isa
qulqulleessu fi sifaata Inni mirkaneesse dhabamsiisu dhiisudha. Warri fakkeessan
(Mushabbihata)- Khaaliqa makluuqaan wal fakkeessu. Warri ta’axiila
(mu'uxxilata) immoo Rabbiin ni qulqulleessina jedhani sifaata Inni mirkaneesse
dhabamsiisan. Fakkeenyaf akkana jedhu, “Rabbiin harka hin qabu, Fuulas hin
qabu.” Isaan Rabbiin wayittu fakkeessu irraa Isa qulqulleessina jedhanii waan
yaadaniif wanta Rabbiin Ofiif mirkaneesse dhabamsiisan. Garuu karaan jidduu
galeessa karaa ahlu sunnaati. Karaan isaanii kana:
“Osoo hin fakkeessin mirkaneessu, osoo hin dhabamsiisin qulqulleessu.”15
Kana jechuun sifaata Rabbiin Ofiif mirkaneesse fi beeksise osoo wayittu hin
fakkeessin ni mirkaneessina. Maqaalee fi sifaata Inni mirkaneesse fi beeksise
osoo hin dhabamsiisin wanta Rabbiif hin malle irraa Isa ni qulqulleessina. Aayan
armaan gadi yaada armaan olii kana ni mirkaneessiti:
ِمۡثلِهَِ﴿ َك ََۦل ۡيس و ُهو َ ءٞ ۡ ﴾ۡۡل ِصۡيَُٱَلَسِميعَُٱَش “Wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru. Inni Dhagahaa, Argaadha.” Suuratu
Ash-Shuura 42:11
Ibsa jalqabaa: Rabbiin ni arga, ni dhagaha. Garuu dhageetti fi argituun Isaa akka
dhageetti fi argituu keenyaati miti. Kanaafu, sifaata Rabbiin Ofiif mirkaneesse fi
beeksise osoo wayittu hin fakkeessin ni mirkaneessina.
15 Sharih al-aqiidatil Tadmuriyyah -fuula 48-49, Ibn Useymiin
https://al-tawhed.net/Books/Show.aspx?ID=1497
-
37
Ibsa lammataa: Rabbiin akka waa hundaa argu, dhagahu beeksisee jira. Akkuma
Inni beeksisee Inni waan hundaa ni arga, ni dhagaha jenne ni mirkaneessina, garuu
wanta Isaaf hin malle kan akka rafuu, ilma qabaachu fi hanqinna hunda irraa ni
qulqulleessina. Kanaafu, maqaalee fi sifaata Inni mirkaneesse fi beeksise osoo hin
dhabamsiisin wanta Rabbiif hin malle irraa Isa ni qulqulleessina. Wanti kana
kaasnef, namoonni fitnaa barbaadan yeroo garii ummata keessatti bahuun nama
dhamaasu. Kanaafu, qajeelfama kana beekun salphatti sharrii isaanii jalaa akka
bahan nama gargaara.
Guduunfaa
➦Sifaata Rabbii osoo wayittuu hin fakkeessin, akkana akkana jira jedhanii osoo hin dubbatin, haala Rabbiif maluun mirkaneessun karaa nagahaa nama baasudha.
➦ Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa waan hundaa ni beeka, ni arga, ni dhagaha. Garuu beekumsi, argituu fi dhageettin Isaa, beekumsa, argituu fi dhageetti
uumamtotaatiin wal hin fakkaatan. Haaluma kanaan, sifaanni Isaa biroos
amaloota uumamtootin wal hin fakkaatan.
➦ Rabbiin subhaanahu wa ta'aala akkamitti waan hundaa akka beeku, arguu fi dhagahu nuti beeku hin dandeenyu. Kanaafu, "akkaata Isaaf maluun waan
hundaa ni beeka, ni arga, ni dhagaha" jenne ni mirkaneessina.
➦Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa waan hundarra guddaadha (Allaahu akbar- Allah is the Greatest).
➦Inni Arshii ol olta'iinsa Isaaf maluu olta'ee jira. Arshiin guddinnaa fi bal'innaan uumama samii caaluu fi samii torbaffaa ol jiruudha. Rabbiin Guddaan
Arshii ol jira. Guddinna Isaatirraa kan ka'e, samii hangana bal'attu Guyyaa
Qiyaama harka mirgaatin maruun, "Ani Mootiidha, eessa moottonni dachii?"
jedha.16 Rabbiin waan hundarra guddaa fi sifaanni Isaa hundi guutuu erga ta'ee
maaltu Isa fakkaataa ree? Kanaafu, Inni Tokkicha fakkaataa hin qabneedha.
16 Sahiih Al-Bukhaari 7382, Sahiih Muslim 2787
https://sunnah.com/bukhari/97/12https://sunnah.com/muslim/52/6
-
38
Qajeelfama Bu’uuraa 10ffaa: Al-Ilhaadu fii asmaa’illahi (Maqaalee Rabbii keessatti jallinna) Jalqaba ilhaada jechuun maal jechuudhaa?
Jechi ilhaad jedhu xumura alhada jedhu irraa kan fudhatameedha. Alhada
jechuun maquu jechuudha. Jecha kanarraa jechi “Lahdi” ni horsifame. Lahdi
qabrii maal akka ta’e ni beeknaa miti ree? Yoo beeku baannes, lahdi jechuun
jidduu qabrii irraa gara cinaatti maqsun kan qotamee fi reeffi keessa
kaa’amuudha. Ergasii lahditti xaawlaa ykn dhagaa ykn bolookeetti gochuun
biyyeen qabritti ni rarama. Lahdin qabri, “Lahdi” kan jedhameef jidduu qabriiti
gara cinaatti waan dabuufi. Kanaafu, ilhaada jechuun karaa qajeelaa irraa
jallachuu ykn maquudha.
Maqaalee Rabbii keessatti jallachuu (ilhaad) jechuun haqa mirkanaa’e irraa
maqaaleen, haqiiqaa fi hiika isaanitiin jallachuudha. Rabbiin subhaanahu wa
ta’aalaa ni jedha:
﴿َِ ّلِلَ ا ءَُٱو ۡسم ََٰۡلَُۡٱَۡۡل َ َۡدُعوهَُٱف ََۡسن ذ ُروا و َ ا َِِف ََََّلِينَ ٱبِه يُلِۡحُدون
ئِهَِ َٰٓ ۡسم َأ لُونَ َۦ ۡعم ي
َ نُوا اََك َم ۡون ُيۡجز ﴾١٨٠س “Rabbiif maqaalee gaggaaritu jira, kanaafu isaaniin Isa kadhaa. Warra
maqaalee Isaa jallisaniis dhiisaa. Waan dalagaa turaniif fuunduratti jazaa ni
argatu.” Suuratu Al-A’araaf 7:180
Imaamu ibn Al-Qayyim (rahimahullahu) “Maqaalee Rabbii keessatti jallinna
(ilhaada) raawwachuun gosoota qaba” jedha.17 Gosoota kanniin ni tarreessa:
1ffaa- Sanamni ittiin waamamu- Sanama jechuun muka ykn dhagaa bocame
gabbaramuudha ykn waaqefatamuudha. Mushrikoonni sanama isaanii kanaaf
maqaa adda addaa baasuf. Maqaalee isaan moggaasaniif keessaa tokko maqaa
Rabbiitin moggaasudha. Kuni ilhaada (jallinna). Fakkeenyaaf, Mushrikoonni
maqaa “Ilaah” jedhu irraa baasun “Laat” jechuun sanama isaanii moggaasan.
Ammas sanama biraa maqaa Rabbii “Al-Aziiz” irraa baasun “Uzzaa” jechuun
17 Faa’idatul jaliilatu fiil qawaa’idil asmaa’il husnaa- fuula 47-50
https://waqfeya.com/book.php?bid=10931
-
39
moggaasan. Akkasumas, sanama harkaan bocan guutuu “Ilaah” jedhanii
moggaasun ilhaada. Sababni isaas, maqaa Rabbii gara sanama isaanii jallisan.
2ffaa- Guddinna Rabbiitiin wanta hin malleen Isa waamu ykn moggaasu.
Fakkeenyaf, Kiristaanonni “Ab” jechuun moggaasu. Warroonni falaasfaas
“Sababa waa hojjatu” jechuun waamu fi kan kana fakkaatan ilhaada (jallinna).
3ffaa- Hanqinna Inni irraa qulqullaa’en Isa ibsu. Fakkeenyaf, Yahuudonni
namoota hundarra khabiisa ta’an akkana jechuun Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa
hanqinnaan ibsu: Inni hiyyeessa, uumamtoota Isaa erga uume booda boqonnaa
fudhate, Harki Rabbii maramaadha (kana jechuun Inni tola hin kennu) fi kan biroo
ilhaada (jallinna) guddaadha.
4ffaa-Maqaalee Isaa hiikan ala gochuu fi haqiiqaa isaanii fudhachuu diduu. Kana
jechuun maqaaleen Isaa hiika fi haqiiqa wayitu akka hin qabne godhanii yaadudha.
Fakkeenyaf, gareen Jahmiyyah jedhamtu akkana jetti: “Maqaaleen Isaa jecha qofa.
Sifaataa fi hiika of keessaa hin qaban.” Maqaalee "Dhagahaa, Argaa, Jiraataa,
Rahiim, Dubbataa, fedhaa" jedhan Rabbif ni godhu. Garuu ni jedhu, “Inni jireenya,
dhageetti, argituu, dubbii fi fedhii hin qabu”. Dhugumatti,kuni shari’aan,
sammuun, uumamaani fi lugaanis ilhaada (jallinna) hundarra caaledha. Warri kuni
mushrikootaan wal gitu. Mushrikoonni maqaa Rabbii sanama isaanitiif kennaan.
Warri Jahmiyyah kuni immoo sifaata Isaa guutuu dhabamsiisan. Gareen lamaanu
warra maqaalee Rabbii keessatti ilhaada raawwataniidha.
Xiqqaatus guddatus, namni kamiyyuu wanta Rabbiin ittiin of ibse yookiin
Ergamaan Isaa ittiin Isa ibse fudhachuu didee fi kijibsiise, kana keessatti ilhaada
(jallinna) raawwatee jira.
5ffaa-Sifaata Rabbii sifaata (amaloota) umamtootaatin wal fakkeessu- Amaloota
Rabbiin ittiin of ibseen amaloota uumamtootatiin wal fakkeessun ilhaada. Ilhaadni
kuni ilhaada warra sifaata Rabbii hin fudhanneen (mu’axxilaan) wal gita.
Mu’axxilaan sifaata Isaa guutuu yommuu dhabamsiisan, warroonni kunniin
immoo sifaata Isaa sifaata uumamtootaan wal fakkeessan. Karaan isaanii gargar
haa ta’uu malee ilhaadni tokko isaan taasisa. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala
hordoftoota Ergamaa Isaa fi dhaaltota Sunnah isaa kanniin hundarraa isaan
qulqulleesse. Wanta Inni ittiin Of ibseen ykn Ergamaan Isaa ittiin Isa ibseen malee
Isa hin ibsan. Sifaata Isaa guutuu ta'an fudhachuu hin didan. Akkasumas, sifaata
uumamtoota Isaatiin wal hin fakkeessan. Jechaa fi hiikanis gara biraatti hin
jallatan. Kana irra, maqaalee fi sifaata Isaaf ni mirkaneessan, uumamtootan wal
-
40
fakkeessu ni dhabamsiisan. Kanaafu, mirkaneessun isaanii fakkeessu irraa kan
qulqullaa’e fi qulqulleessunis ta’axiila irraa kan qulqullaa’edha.
(Kana jechuun sifaata Rabbii osoo wayittu hin fakkeessin ni mirkaneessu (itti
amanu). Ammas, sifaata guutuu ta'an osoo hin dhabamsiisin hanqinna irraa Isa
qulqulleessu. “Alhamdulillah (Faarun hundi kan Rabbiiti)” yommuu jennu sifaata
guutuu Isaa mirkaneessaa jirra. Sababni isaas, Rabbiin amaloota (sifaata) guutuu
faarfaman waan qabuuf faaruun hundi kan Isaati. Wanti tokko kan faarfamuuf
amala faarfamu yoo qabaatee miti ree? Ammas, “Subhaanallah (Rabbiin
Qulqullaa’e)” yommuu jennu wanta Isaaf hin malle irraa Isa qulqulleessina.
Allahu Akbar (Rabbiin hundarra guddaadha). Dhugumatti yoo itti xinxalline,
jechoonni kunniin hiika guddaa qabu.)
Tuqaalee ijoo dabalataa akka gaafitti dhiyaatan:18
Gaafi 1ffaa: Karaa sirrii itti dhabamsiisan yookiin qulqulleessan tarreessi.
Deebii: Karaan sirriin wanta Rabbiif hin malle itti dhabamsiisan (nafiyy godhan)
sadii:
1ffaa- Wanta Rabbiin ifaan ifatti ofirraa dhabamsiise. Kuni keeyyata Qur’aana
ykn hadiisa keessatti wanta dhufeedha. Akka fakkeenyaatti Qur’aana irraa:
“[Rabbiin] hin dhalle hin dhalannes. Qixxaatan (fakkaatan) tokkollee Isaaf
hin jiru.” Suuratu Al-Ikhlaas 112:3-4
2ffaa- Hanqinna hunda Rabbiin irraa dhabamsiisu. Kan akka jaamaa, duudaa,
beela’u fi kan biroo hundi amaloota hanquu Rabbiif hin malleedha. Hanqina kana
dhabamsiisuun karaa lamaan ta'a:
1. Sifaata guutuu Rabbiin ittiin of ibsee wanti faallessu hundi hanqinna waan ta’aniif Rabbiin irraa dhabamsiisu barbaachisa. Yoo Inni akkana jedhe, “Inni Dhagahaa,
Argaadha” (Ash-Shuura 42:11), faallaan dhagahuu fi arguu hanqinna-kana
jechuun duudaa fi jaamadha. Kanaafu, sifaata guutuu Isaa wanti faallessu hundi
hanqinna waan ta’ef Rabbiif hin malu. Ilma qabaachun durummaa fi
tokkichummaa Isaa waan faallessuuf ilma qabaachun Isaaf hin malu. Duuti,
18 Sharihu Risaalat Tadmuriyyah-fuula 326, Muhammad bin Abdurahmaan Al-Kamiis
https://waqfeya.com/book.php?bid=5412
-
41
rafuun, muguun Jireenya guutuu waan faalleesaniif duuti, rafuu fi muguun Isaaf
hin malan.
2. Yoo Inni hanqinna ofirraa dhabamsiise, wanti hanqinna kanaaf barbaachisu hundi Isaaf hin malu. Fakkeenyaf, Inni niiti fi ilma qabaachu irraa qulqulluudha. Namni
niiti kan barbaaduf fedhiin lubbuu (shahwaan) isa keessa waan jiruufi. Kanaafu,
Rabbiin akkuma niiti fi ilma qabaachu irraa qulqulluu ta’e, shahwaa irraayis
qulqulluudha. Namni dadhabaa waan ta'eef nyaata fi dhugaati ni barbaada.
Rabbiin subhaanahu Dandeetti fi Humni Isaa guutuu waan ta'eef dadhabbii irraa
qulqulluudha. Kanaafu, nyaata fi