qindeessaan: jibriil abdalla · 2020. 10. 9. · 2 qabiyyee osoo hin qoramin “amanne” jechuun...
TRANSCRIPT
1
Qindeessaan: Jibriil Abdalla
2
Qabiyyee Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 1 ................................. 4
Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-Kutaa 2 ............................... 10
Haadhaa Abbaatti Tola Oolu ......................................................................................... 17
Yeroo Kam Mu'minaa fi Munaafiqni addaan baafamuu?.............................................. 26
Karaa Jallinnaa Namatti Bareechisuu fi adabbii isaa .................................................... 31
Nabii Nuuhin Erguu fi Ummanni isaa baduu ................................................................ 35
Rabbiin Qofa Gabbaruun Karaa Rizqii fi wanta barbaadan ittiin argataniidha ............. 37
Jalqaba Kan Uume Lamuu Deebisuun Isatti ni ulfaataa? .............................................. 40
Jireenyi Lammataa Maaliif Barbaachistee? ................................................................... 42
Rabbiin Jalaa Miliquu Hin Dandeessan ......................................................................... 43
Roorroo Ummata Nabii Ibraahim .................................................................................. 47
Luuxi fi Ummata Isaa .................................................................................................... 52
Shu’ayb fi Ummata Isaa ................................................................................................ 58
Aadi fi Samuud .............................................................................................................. 59
Moottota Abbaa Irree fi daangaa darbitoota balleessuu ................................................ 62
Fakkeenya namoota Rabbii gadiitti wanta biraa gabbaranii? ........................................ 65
Uumamni samii fi dachii Haqa ...................................................................................... 68
Salaata Sirnaan Salaatun bu'aa maal fa'a qabaa? ........................................................... 72
Warra Kitaabaa Waliin Falmuu ..................................................................................... 75
Qur'aanni Rabbii olta'aa irraa Bu'e ................................................................................ 80
Qur'aanni warra amananiif rahmataa fi yaadannoodha ................................................. 84
Sobatti amananii Rabbii olta'aatti kafaruu (amanuu diduu) .......................................... 89
Adabbii Ariifachiisu ...................................................................................................... 90
Karaa Rabbii keessatti Godaansa .................................................................................. 93
Rabbii olta'aan ala wanta biraa gabbaruun (waaqefachuun) sirriidhaa? ........................ 97
Jireenyi Haqiiqaa Tamiidhaa? ..................................................................................... 102
Yeroo Rakkoo Rabbiitti warwaatanii yeroo mijaa’innaa immoo qananii Isaa
waakkachuu ................................................................................................................. 106
3
4
Warra dukkana keessaa gara ifaatti, dhiphinna keessaa gara bal'innaatti,
dhama'iinsa keessaa gara qajeelinnaatti bahuu barbaadaniif Qur'aanni furmaata
hundarra caaludha (best solution). Kunoo, suuratu Al-Ankabuut boqonna
ajaa'ibaa dhugaa jireenyaa namatti himtuudha. Yeroo qormaataa fi rakkoo
iimaanni kee akkami? Kaayyoon namoota qoruu maalidhaa? Namni dhugaa fi
kijibaan yoom addaan baafamaa? Gaafilee kanniiniif deebii yoo barbaadde deebii
quubsaa siif kennaa na qo'adhu jetti suuratu Al-Ankabuut.
Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-
Kutaa 1
يمه ٱ لرحمنٱ لله ٱبسم لرحه
Maqaa Rabbii Ar-Rahmaan Ar-Rahiim ta’een [jalqaba]
ب ١الم ﴿ حسهتن ون لناس ٱأ فر مر ل ي ول وا ءامنا وه ن يق
وا أ ك ن ي تر
ولقدر فتنا ٢أ
لمن لهين ٱ فليعر لمن ين له ٱ لل ٱمهن قبرلهههمر هي ٱصدق وا ولعر ب ذه ﴾٣لرك
“Aliif Laam Miim. Sila namoonni ‘Amanne’ jechuu qofaan osoo hin
qoramiin dhiifamu yaadu? Dhugumatti, warra isaanin duraas qorree jirra.
Dhugumatti Rabbiin warra dhugaa beekuf jira, sobdootas beekuf jira.”
Suuratu Al-Ankabuut 29:1-3
“Sila namoonni ‘Amanne’ jechuu qofaan osoo hin qoramiin dhiifamu
yaadu?” Kana jechuun sila namoonni amanne waan jedhaniif osoo hin qoramin
waan dhiifaman isaanitti fakkaataa?1
Dhugumatti namni jireenya addunyaa marsaa qormaataa taate tana keessatti
wanta jibbuun ykn wanta isa gammachisuun yeroo hundaa qormaataaf kan
saaxilamuudha. Kanaafu, Rabbitti, Ergamaa Isaatti fi kitaabban Isaatti amanuu
yommuu labsuu fitnaa (qormaata) irraa akka of eegee godhee akka hin yaanne.
1 Tafsiiru Xabarii-18/356, Tafsiir Tahriir wa tanwiir-20/203
5
Dubbii isaatiin iimaana labsuu isaa keessatti takkaa saadiqa (dhugaa) ta’uu
danda’a, takkaa immoo kijibaa ta’uu danda’a. Wanti dhugaa isaa ifatti baasu
wanta inni jibbuun isa qoruudha. Yoo inni ajrii (mindaa) guddaa Rabbii olta’aa
biratti abdachuun obsee, obsi isaa ragaa iimaana labsuu keessatti dhugaa ta’uu
isaa agarsiisuudha. Hammi obsaa inni qabu hamma iimaanaa inni qabu agarsiisa.
Yoo hin obsin, inumaa dallane, nyakkise, wanti isatti bu’ee iimaana labsuu
isaatiin walitti akka hin galle yaade, gara karaa kufrii fi kaafirootatti dabuu
jalqabe, kuni hundi arrabaan iimaana labsuu isaa keessatti kijibaa akka ta'e
agarsiisa.
Rabbiin azza wa jalla qomaata keessatti arrabaan iimaana labsuun qofti gahaa
akka hin taane aayah tana keessatti ifa godhe. Murtii Isaatiif garaa guutuun harka
kennuu waliin Rabbiin irraa jaallachuun, wanta jibban irratti obsuu fi mindaa
guddaa Isa biratti abdachuun waan hafu hin qabneedha.
“Dhugumatti, warra isaanin duraas qorree jirra.” Kana jechuun dhugumatti
ummattota darban irraa namoota “Nuti amanne” jedhan qorree fi mokkorre jirra.
Wanta jibbaniin isaan qorre. Iimaana isaanii labsuun isaanii wanta jibbaniin
qoramu irraa isaan hin eegne. Ummattoota darban kanniin keessaa nabii Nuuh
aleyh salaam fi namoota isa waliin amanan, Huud, Saalih, Ibraahim, Luux,
Shu’ayb, Muusaa hunda isaanii irrattu nageenyi haa jiraatu fi mu’mintoota isaan
waliin turan.1
Fakkeenyaf, Nabii Ibraahim ibiddatti darbamuun, ilma isaa akka gorra’u
ajajamuun ni qorame. Hiikni aayaata armaan olii: Rabbiin gabroota Isaa amanan
hamma iimaana isaaniitiin isaan qoruun waan hin hafneedha. Akkuma Hadiisa
keessatti dhufe: “Namoota hunda caalaa qormaanni kan itti cimu
Nabiyyoota, ergasii saalihoota. Ergasii hundarra gaarii kan ta’e, itti aane
gaarii kan ta’eedha. Namni hamma amanti isaatiin qorama. Amantidhaan
cimaa yoo ta’e, qormaanni isaa cimaa ta’a.” Jaami’u At-Tirmizi 2398
“Dhugumatti Rabbiin warra dhugaa beekuf jira, sobdootas beekuf jira.”
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota qoruun dura, yeroo qormaataa fi
qormaata booda wanta qalbii isaanii keessa jiru ni beeka. Garuu hiikni aayah
armaan olii: isaan qoruun nama dhugaan “Rabbitti amanne” jedhe ifatti baasa.2
1 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu Tadabburi-15/221-222 2 Tafsiir Xabarii-18/357, Zaadul Masiir-1076
6
Nama sobaas ifa baasa. Namoonni hundu arrabaan Rabbitti amanne jechuu
danda’u. Garuu yommuu balaa fi rakkoon bu’u, namni dhugaan amane iimaana
irratti gadi dhaabbata. Namni sobaa immoo iimaana irraa duubatti deebi’a.
Kanaafu, dhugaan nama saniiti fi sobni nama kanaa ifatti bahee jechuudha.
Fakkeenyaf, namni sababa Islaama qabachuu isaatiif reebamu, arrabfamu ykn
hidhamu danda’a. Namni rakkoo isa qunname kanaaf obsee fi Islaama qabachuu
isaa itti fufe, iimaanni isaa qalbii keessatti hidda qabachuu fi dhugummaan isaa
ifatti baha. Namni rakkoo kana sodaachun Islaama irraa duubatti deebi’e immoo
iimaanni qalbii keessatti hidda akka hin qabanne agarsiisa. Sobni isaas ifatti baha.
"Ani amane" jedhee dubbachuun isaa soba akka ta'e ni beekkama.
ب ﴿ مر حسهمل ون لهين ٱأ ه ٱيعر ون اته لسي م ونا ساء ما يرك بهق ن يسر
﴾٤أ
“Sila warri hamtuu hojjatan Nu jalaa bahuu yaaduu? Wanti isaan
murteessan waa fokkate!” Suuratu Al-Ankabuut 29:4
Kana jechuun namoonni Iimaana keessa hin seennee [fi badii hojjatan],
qormaata kana jalaa nagaha waan bahan isaanitti hin fakkaatin.
Dhugumatti, qormaata kana caalaa adabbii garmalee cimaa ta’etu isaan
duuba jira. Kanaafi ni jedhe, “Sila warri hamtuu hojjatan Nu jalaa
bahuu yaaduu?” Kana jechuun namoonni hojii badaa dalagan waan Nu
jalaa miliqan isaanitti fakkaataa? “Wanti isaan murteessan waa fokkate!”
Kana jechuun wanti isaan yaadan waa fokkate!1
Aayata lamaan jalqabaati fi aayata tana yommuu wal qabsiisnu hiika kana
ni hubanna: sababa Islaama qabataniif qormaanni namarra gahuu baay’een
gama kaafirootaa irraan namatti dhufa. Kaafironni Islaama irraa namoota
duubatti deebisuuf isaan ni rakkisuu, ni adabu, ni dararu. Yeroo kanatti,
namni dararaa fi rakkoon kuni kaafirota irraa yommuu isarra gahu,
“Kaafironni kafaranii osoo jiranu, akkamitti akka nu adabanii fi rakkisan
Rabbiin isaan dhiisaa?” jedhee yaadun isaa hin oolu. Kaafironnis yakka
hojjatan kana adabbii Rabbii jalaa bahuu akka danda’anitti yaadu. Kanaafu,
Rabbiin subhaanahu yaada sobaa kana haaquf, Muslimoota jajjabeessuu fi
1 Tafsiir Ibn Kasiir-6/47
7
kaafirota akeekachisuuf, “Sila warri hamtuu hojjatan Nu jalaa bahuu
yaaduu? Wanti isaan murteessan waa fokkate!” jechuun beeksisa.
Aayan tuni kaafirota qofaaf osoo hin ta’in nama badii hojjatu hunda
akeekachiisti. Kaafirri Rabbii olta’aa jalaa bahu hin danda’u. Muslimni
badii hojjatus Isa jalaa bahu hin danda’u. Namni “Rabbiin na hin adabu, na
hin qabu” jechuun badii hojjachu itti fufuu, yaada fokkuu yaade jira.
وا لهقاء ﴿ جل لله ٱمن كن يررج هن أ و لله ٱفإ وه ﴾٥لرعلهيم ٱ لسمهيع ٱلأت
“Namni qunnamti Rabbii kajeelu, dhugumatti beellamni Rabbii
dhufaadha. Inni Dhagayaa, Beekadha.” Suuratu Al-Ankabuut 29:5
Kana jechuun namni ganda Aakhiraatti Rabbiin akka qunnamu abdatee fi
mindaa bareedaa Rabbiin bira jiru kajeele, beellamni Rabbiin mindaa fi
adabbiif namoota kaasuf murteesse ni dhufa.1
Yaa nama Rabbii isaa jaallatu, Isatti dhiyaachuu fi Isa qunnamuuf dharra’u, Isa
gammachisuuf fiigu! Yeroo jaallatamaan itti wal qunnamtu dhiyoo ta’uun
gammadi. Dhugumatti, yeroon kuni ni dhufa. Wanti ni dhufa jedhame hundi
dhiyoodha. Kanaafu, kajeellaa waliini fi Isa bira gahuu abdachuun Isa qunnamuuf
siinqi (galaa) qopheeffadhu, gara Isaatti imali. Garuu wanti namni odeesse hundi
oduu isaa qofaan isaaf hin kennamu. Akkasumas, namni hawwu hundi wanti
hawwee [hawwii isaatiin qofa] isaaf hin kennamu. Rabbiin sagalee Kan
dhagayuudha, niyyaa namaa Kan beekudha. Namni kana (Rabbiin qunnamu fi
mindaa Isaa kajeelu) keessatti dhugaa ta’e, wanta inni abdate isaaf kenna. Namni
kijibaa ta’e immoo oduun isaa homaa isa hin fayyadu. Inni nama jaalala Isaatiif
maluu fi hin malle ni beeka.2
Marsaan jireenya addunyaa marsaa qormataa fi fitnaa waan taatef, ammas
namoonni bakka lamatti waan qoodamaniif: warra kasaaran- kunniin warra
qunnamti Rabbii hin abdanne, fedhii qullaa ofii, sheyxaanaa fi dharraa addunyaa
hordofan,
warra bu’aa buufatan-isaan kuni warra Rabbiin wal qunnamu abdataniidha.
Adeemsa isaanii keessatti karaa Rabbii qajeelaa qabachuuf qabsaa’u. Kanaafu,
1 Tafsiir Xabarii-18/361, madda olii 2 Tafsiir As-Sa’dii-735
8
dubbii ibsuu keessatti hikmaa (ogummaa) irraa waa’ee warra dhugaan amananii
fi jireenya isaanii keessatti jaalala Gooftaa isaanii barbaadun qabsaa’an ilaalchise
dubbachuudha. Rabbiin olta’aan ni jedha:
هه ﴿ سه فر هنما ي جههد لنه عنه لل ٱإهن ۦ ومن جهد فإ ﴾٦لرعلمهي ٱلغنه
“Namni qabsaa’e kan inni qabsaa’u lubbuma isaatiifi. Dhugumatti Rabbiin
aalama hundarraa Dureessa.” Suuratu Al-Ankabuut 29:6
Kana jechuun namni humna guddaa isa bira jiru Rabbiif ajajamuu fi wanta Isa
gammachisuu hojjachuu keessatti baase, kan inni qabsaa’uuf fooyya’insaa fi
faayda nafsee ofii qofaafi. Ibaadaa fi qabsoo isaatiin Rabbiif faayda homaatu
hin dhiyeessu. Sababni isaas, Rabbiin aalama hundarraa dureessa.
Dureessa- jechuun of gahaa Isaan ala wanta biraa kan hin barbaannedha.
Aalama jechuun immoo Rabbiin ala wantoota jiran hunda. Aalamni namoota
hunda ykn namaa fi jinni ibsuufis itti fayyadaman.1 Qabsoon (jihaanni) bakka
lamatti qoodama:
1ffaa-Qabsoo lolaa- kuni diinotatti qabsaa’udha. (Qabsoo kana irraa bu'aa
buufachuu fi mindaa (ajrii) irratti argachuuf Rabbiif jedhanii yoo qabsaa'anii fi
haala Inni ajajeen yoo ta'e qofaadha.)
2ffaa-Qabsoo nafsee-kunis wanta itti ajajaman hojjachuu fi wanta irraa
dhoowwaman dhiisu irratti nafsee ofiitti qabsaa’udha.2 Itti aansee mindaa warra
haala kanaan qabsaa'anii dubbata:
لهحته ٱءامن وا وعمهل وا لهين ٱو ﴿ ه لص مر سي هرن عنره مر لن كف زهينه هههمر ولنجر اتسن حر
مل ون لهيٱأ ﴾٧كن وا يعر
“Warra amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, badii isaanii isaan irraa
ni haaqna. Dhugumatti irra gaarii waan isaan dalagaa turanii isaan
mindeessina.” Suuratu Al-Ankabuut 29:7
Kana jechuun warroonni Rabbii fi Ergamaa Isaa dhugoomsanii fi hojii
gaggaarii hojjatan, badii isaanii isaan irraa haxoofna. Hojii isaanii
1 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu Tadabburi-15/224-225 2 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Al-Ankabuut, fuula 26, Ibn Useymiin
9
gaggaariif wanta hojjataa turan caalaa mindaa isaaniif kennina.1 Kunis hojii
gaarii takkatti hojjataniif mindaa dachaa kudhanii hanga dhibba torbaa fi
san caalu argatu. Garuu hojiin hojii gaarii jedhamuuf: ikhlaasaa fi shari’aa
hordofuun kan hojjatame yoo ta'eedha. Ikhlaasan yommuu jennu hojii
keetin Fuula Rabbiiti fi ganda Aakhirah niyyachuudha. Shari’aa hordofuun
immoo akkaataa Nabiyyiin (Sallallahu aleyh wassallam) hojjataniitti
hojjachuudha. Faallaan ikhlaasa shirkiidha. Faallaan shari’aa hordofuu
immoo bid’aadha. Kanaafu, mushrikaa fi nama bid’aa hojjatu ta’uu hin
qabdu.2
1 Tafsiir Muyassar-397 2 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Al-Ankabuut, fuula 29, Ibn Useymiin
10
Osoo Hin Qoramin “Amanne” jechuun qofti gahaadhaa?-
Kutaa 2 Caalatti ifa akka ta'uuf suuratu Al-Ankabuut irraa aayah 1-7 jiran
ilaalchise wanta imaamu Ibn Al-Qayyim jedhe mee itti haa daballuu.
“Aliif Laam Miim. Sila namoonni ‘Amanne’ jechuu qofaan osoo hin
qoramiin dhiifamu yaadu? Dhugumatti, warra isaanin duraas qorree
jirra. Dhugumatti Rabbiin warra dhugaa beekuf jira, sobdootas
beekuf jira.” Suuratu Al-Ankabuut 29:1-3
Suurah (boqonnaa) tana keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa nama
dhugaa fi nama kijibaa, mu’minaa fi kaafira, nama Isa galateefatu,
gabbaruu, fi nama Isarraa garagalu, wanta biraa gabbaruu adda baasuf
uumamtoota Isaa akka qoru ni dubbate.
Haala dhumaa warra qoramaniis ni dubbate. Addunyaa keessatti
hoggantoota warra qoramanii, hordoftoota isaanii, dhimma dhumaati fi
gahuumsa isaanii ni dubbate. Hoggantoonni kunniin Ergamtoota.
Nama addunya tana keessatti "Amane" jedhee odeessuun "Qormaata jalaa
nagaha nan baha" jechuun yaade irratti jibbuun jalqabe. Uumamtoota Isaa
keessatti ogummaan (hikmaan) fi dhimmi Isaa kana ni dida. Iccitiin
qormaata kanaa nama dhugaa ta'ee fi nama sobaa, mu’minaa fi kaafira
addaan baasu akka ta’e ni beeksise. Rabbiin subhaanahu kuni argamuun
dura ni beeka. Garuu gabroota Isaa keessa isaanii beekuu qofaan jazaa akka
isaaniif hin kafallee haqummaa fi faarun Isaa ni barbaachise. Kana irra,
wanti beekkamu yoo argamee fi mirkanaa’e [jazaa isaaniif kafala].
Qormaanni wanta Isa biratti beekkamaa ta'e kana kan mul’isee fi gara
argamuutti kan baasedha. Kanaafu, yeroo kanatti jazaa kafaluun ni
bareedaa jechuudha. (Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa gabroota qoruun
dura keessa isaanii ni beeka. Garuu beekumsa kana qofaan jazaa isaaniif
hin kafalu. Kana irra, erga isaan qoree booda wanta isaan irraa mul'atuun
jazaa isaaniif kafala.)
ب ﴿ مر حسهمل ون لهين ٱأ ه ٱيعر ون اته لسي م ونا ساء ما يرك بهق ن يسر
﴾٤أ
11
“Sila warri hamtuu hojjatan Nu jalaa bahuu yaaduu? Wanti isaan
murteessan waa fokkate!” Suuratu Al-Ankabuut 29:4
Ergasi Rabbiin subhaanahu nama fitnaa fi qormaata Ergamtootaa fi
hordoftoota isaanii irra gahu sodaachun Rabbitti amanuu fi Ergamtoota
Isaa hordofu didee irratti ni jibbe. Namni kuni iimaana fi Ergamtoota
Rabbii dhugoomsu fi hordofuu irraa garagaluun fitnaa fi qormaata jalaa
nagaha waan bahu isatti fakkaata. Dhugumatti, isa fuundura wanta irraa
dheesse caalaa fitnaa, qormaataa fi azaaba (adabbii) guddaa fi ulfaataa
ta’etu jira. (Waan amanuu fi Ergamtoota hordofuu dideef azaaba
Jahannamtu isaaf jira.)
Namoonni erga Ergamtoonni isaanitti ergamanii booda dhimmoota lama
jidduutti ta’u: Takkaa isaan keessaa namni tokko “Amane” jedha, takkaa
immoo kana hin jedhu. Inumaa, badii hojjachuu itti fufa. Namni “Amane”
jedhe, ragaan iimaana isaatii fi isarratti gadi dhaabbachu akka mirkanaa’uuf
Gooftaan olta’e isa qora, ni mokkora. Iimaanni yeroo fayyaa fi
badhaadhinnaa qofaa miti. Kana irra, haala qananii fi balaa keessatti
iimaanni gadi dhaabbataa ta’uu qaba.
Namni hin amanne immoo Gooftaa isaa jalaa waan miliqu isatti hin
fakkaatin. Kana irra, inni qabaa Rabbii keessa jira, sammuun isaa harka
Isaa jira. Nama “amane” jechuun qorame caalaa balaa guddaa ta’etu isaaf
jira.
Namni Rabbii fi Ergamtoota Isaatti amane, diinota Isaatii fi diinota
Ergamtoota Isaatiin qoramuun waan isaaf hin hafneedha. Qormaanni
kuni kan isa dhukkubsuu fi isarratti ulfaatu ta’uu danda’a. Namni Rabbii
olta’aatti fi Ergamtoota Isaatti hin amanne immoo isa adabuun waan
hin hafneedha. Kanaafu, laalaa ykn dhukkubbii mu’mintoota (warra
amanan) irra gahee caalaa laalaa fi rakkoon dacha dachaa ta’e isarra gaha.
Nafsee amantee ykn amanuu diddee (kaafira taate) hunda irratti laalaan
gahuun waan hin oolledha. Garuu mu’minni (namni dhugaan amane)
addunyaa keessatti rakkoon cimaan isarra gaha. Ergasii isarraa addaan
cituun mi’aan (mijaa’inni) guddaan itti aane isaaf dhufa. Kaafirri immoo
12
jalqaba irratti mi’aa fi gammachuun isaaf argama. Ergasii gammachuun
kuni addaan cituun laalaa fi rakkoon hundarra guddaan isatti dhufa.
Akkuma kana haalli warra fedhii lubbuu hordofanii. Jalqaba irratti fedhii
badaa kanatti ni gammadu. Ergasii hamma mi’aa argataniin laalaan cimaan
itti aane isaanirra gaha. Namoonni fedhii lubbuu irraa obsan immoo jalqaba
irratti wanta barbaadan waan dhabaniif ni laalatu (keessi isaanii ni gubata).
Ergasii laalaa kana booda hamma fedhii badaa kana irraa obsanii fi
dhiisaniin mi’aa fi gammachuun isaaniif dhufa.
Laalaa (pain) fi mi’aan (pleasure) nama hundaafu dhimma dirqama
ta’eedha. Garuu garaagarummaan isaanii ammatti argamuu, addaan cituu,
xiqqaa ta’uu fi boodarra dhufuu, turaa, guddaa ta’uudha. (Kana jechuun
laalaa fi mi’aan (gammachuun) takkaa ammatti kan argamu, addaan cituu
fi xiqqaa ta’a takkaa immoo boodarra kan dhufu, turaa fi guddaa ta’a.)
Kanaafi, warri aqlii qaban (qaruuten) dhumaa fi boodde wantootaa ilaalu.
Namni haala laalaan gonkumaa isa hin tuqneen laalaa jalaa nagaha nan
baha jedhee yaade yaanni isaa kijiba hunda caaledha. Sababni isaas, namni
uumama mi’aa fi laalaaf, gammachuu fi gaddaaf, mirqaansu fi dhiphinnaaf
saaxilamuudha. Kuni jihaa (toora) lamaan ta’a:
Jihaa ijaarsa, uumamaa fi amala isaatin. Namni wantoota walitti
makaman, wal darbanii fi wal falleessan kan gara hundaan wal qixxeessun
hin danda’amne ykn ulfaatu irraa kan ijaarrameedha. Wantoonni isa keessa
jiran kunniin tokko kan biraa irratti daangaa darba. Kanaafu, daangaa
sirraawaa keessaa ni bahu. Ergasii laalan ni argama.
Jihaa ilma namaatin. Namni uumamaan namoota waliin kan jiraatudha.
Adda ofii jiraachu hin danda’u. Inumaa isaan waliin malee hin jiraatu. Innis
isaaniis mi’aa fi dharraa wal faallessanii fi walitti fiduun hin danda’amne
qabu. Inumaa, wantoota barbaadu kana irraa waa yoo argate, wanti biraa
isa jala darba. Wanta barbaadu fi fedhii isaa irratti akka namoonni isa waliin
wali galan barbaada. Isaaniis kana isarraa barbaadu. Yoo isaanin wali gale
hamma wanta barbaadu irraa isa jala darbeen laalaa fi rakkoon isa
qunnama. Yoo isaaniin wali galuu dide immoo isa rakkisu, ni adabu, fedhii
isaa dhabamsiisuuf carraaqu.
13
Isaaniin wali galees faallessees inni laalaa fi rakkoo keessa ta’a.
Keessumaayyu, dhimmoonni inni isaaniin irratti wali galuu amanti sobaa,
fedhii badaa fi hojii dhumarratti isa miidhu yoo ta’an, kanarratti isaaniin
wali galuun laalaa hundarra guddaa ta’e qaba, isaan faallessuunis laalaa
fida.
Sammuun, amantiin, dhiirummaa fi beekumsi laalaa lamaan keessaa
hundarra cimaa fi itti fufaa kan ta’e jalaa nagaha bahuuf laalaa
salphaa fi addaan citu akka filatu fi danda’u ajaju.
Laalaa azaa isaanii jalaa nagaha bahuuf namni yakkamtoota zulmii isaanii
irratti gargaare, warra fedhii qullaa fi bid’aa hordofan fedhii qullaa fi bid’aa
isaanii irratti isaan gargaare, warra badii fi fedhii lubbuu hordofon badii fi
fedhii lubbuu isaanii irratti isaan gargaare, ammaa fi boodatti wanta irraa
dheesse caalaa laalaan isaaniin wali galuu dacha dachaa ta’ee isa qunnama.
Garuu yoo laalaa isaan faallessu irratti obse, isaaniin wali galuun
gammachu argatu caalaa gammachuun dacha dachaa ta’e itti aane ammaa
fi booddetti isaaf dhufa. Uumamtoota Isaa keessatti seerri Rabbii, hamma
obsaa, taqwaa, tawakkulaa fi ikhlaasa isaatiin sadarkaa nama kanaa isaan
irratti olkaasudha, isaan immoo salphisuudha. Laalaa fi adabbiin kan hin
hafne erga ta’e, namootaa fi jaalala isaanii argachuuf jedhanii adabbiin
namarra gahuu irra karaa Rabbiitii fi Ergamtoota Isaa hordofuu keessatti
namarra gahuutu caalaa faayda qaba. (Addunyaan iddoo qormaataa waan
taatef adabbii fi wanti nama dhukkubsu namarra gahuun waan hin oolledha.
Kanaafu, namoota gammachisuuf jedhanii rakkoon namarra gahuu mannaa
karaa Rabbii keessatti namarra gahuutu wayya.)
Yeroo laalaa fi adabbii obsii isaa dheeraa waan ta'eef, sa’aatin guyyoota,
guyyoonni ji’ootaa fi waggoota yommuu ta'an, Rabbiin subhaanahu wa
ta’aalaa qormaanni kuni yeroo murtaa’a akka qabu ergasii akka addaan citu
[isaanitti beeksisuun] warra qoraman ni jajjabeesse. Isa qunnamuuf yeroo
murtaa’aa isaan ittiin jajjabeessu, nafsee isaanii ittiin tasgabbeessu fi karaa
bahiinsaa isaaniif ittiin laaffisu ni kaa’e. Ni jedha:
14
وا لهقاء ﴿ جل لله ٱمن كن يررج هن أ و لله ٱفإ وه ﴾٥لرعلهيم ٱ لسمهيع ٱلأت
“Namni qunnamti Rabbii kajeelu, dhugumatti beellamni Rabbii
dhufaadha. Inni Dhagayaa, Beekadha.” Suuratu Al-Ankabuut 29:5
Gabrichi yeroo balaa kanaa, addaan citiinsa isaa, beellama Rabbiin
qunnamuu fi mindaa isaaf kennu yommuu itti yaadu, wanti inni keessa jiruu
isaaf salphata, baadhachuun isaaf laafa.
Ergasii nafsee isaa, sheyxaanaa fi ilma namaatti qabsaa’un malee kuni kan
hin argamne waan ta’eef, namni firiin beekumsaa fi ifaajee isaa isaaf kan
deebi’u, eenyullee isa waliin qooda kan hin fudhanne ta’uu yoo beeke,
qabsoo fi carraaqqin isaa guutuu fi baay’ee ta’a. Rabbiin olta’aan ni jedha:
هه ﴿ سه فر هنما ي جههد لنه عنه لل ٱإهن ۦ ومن جهد فإ ﴾٦لرعلمهي ٱلغنه
“Namni qabsaa’e kan inni qabsaa’u lubbuma isaatiifi. Rabbiin
dhugumatti aalama hundarraa Dureessa.” Suuratu Al-Ankabuut 29:6
Akkasumas, namni faaydan obsaa, qabsoo fi danda’uu isaa kuni Rabbii
olta’aa subhaanahu irratti waan deebi’u isatti hin fakkaatin. Dhugumatti,
Inni aalama irraa Dureessa. Wanta isaan ajaje kan itti ajajeef isaanitti
hajameeti miti. Wanta irraa dhoowwes kan irraa dhoowwe isaan irratti
doy’oomufi miti. Kana irra, addunyaa fi Aakhiratti wanta faaydaa fi
fooyya’insi isaa isaaniif deebi'uutti isaan ajaje. Ammas, wanta miidhaa fi
rakkoon isaa isaan irratti deebi’uu irraa ni dhoowwe.
Kanaafu, firiin qormaata kanaa isaan qofaaf kan ta’uudha. Kana
kaa’un nama gaarii fi badaa, dararamaa fi milkaa’aa addaan baasuutti
sababa geessu akka ta’uu ogummaan (hikmaan) Isaa ni barbaachise.
(Qormaanni sababa nama gaarii fi badaa, dhugaa fi kijibaa, nama milkaa'u
fi kufuu addaan baasudha. Sababa qormaatatiin namoonni addaan
fooyamu.) Rabbiin olta’aan ni jedha:
15
ذر لل ٱما كن ﴿ مهنهي ٱله ؤر رم نت مر عليرهه حت يمهيز ل ما أ بهيث ٱعل هبه ٱمهن لر ﴾لطي
“Hanga gaarii irraa badaa adda baasutti Rabbiin [haala] isin irra
jirtan irratti mu’mintoota kan dhiisu miti.” Suuratu Aali-Imraan 3:179
Rabbiin subhaanahu Ergamtoota isaanitti erguun ajajoota, dhoowwaa fi
filannoo Isaatiin isaan qore. Ergamtoota Isaatiin namni gaariin nama badaa
irraa adda bahe. Kanaafu, mindaa fi adabbiin wanta beekkamaa
qormaanni kuni ifa baase irratti ta'a. (Asitti wanti beekkamaan
qormaatan dura wanta qalbii namaa keessatti Rabbiin qofti beekudha.)
Ergasii, namni qoramu sababa uumama isaatiin, fedhii qullaa fi
dadhabbinna isaa irraa kan ka'e karaa obsaati fi qabsoo irraa maquun isaa
waan hin oollef, Rabbiin subhaanahu akka kana isaaf irra darbuu fi isarraa
haaqu waadaa galeef. Sababni isaas, yommuu namni kuni Rabbiitti amanee
fi ajaja Isa qabate, badii isaa akka isarraa haaqu fi hojii isaa hundarra gaarii
ta’een akka isaaf mindaa kafaluu rahmanni Isaa ni barbaachise.1
(Namni dhugaadhaan Rabbii olta’aatti yoo amane, Isaaf ajajamee fi badii
gurguddaa irraa fagaate, Rabbiin subhaanahu badii isaa isarraa haaqa, hojii
gaarii isaatiif mindaa guddaa isaaf kenna. Suuratu An-Nisaa keessatti
akkana jedha:
ه ﴿ مر سي هرر عنك ن عنره ن كف هر ما ت نرهور هب وا كبائ م إهن ترتن لرك خه مر ون در هك اتا خلا كرهيما در ﴾٣١م
“Badii gurguddaa irraa dhoowwamtan irraa yoo fagaattan,
badiiwwan keessan [xixxiqaa] isin irraa haaqna, seensa kabajaas
isiniif seensifna.” Suuratu An-Nisaa 4:31
Kana jechuun yaa warra amantan! Badii gurguddaa akka shirkii, haadhaa
abbaa miidhuu, haqa malee nafsee ajjeessu fi kkf irraa yoo fagaattan, badii
1 Bidaa’u Tafsiir- 2/295-298, Ibn Al-Qayyim
16
xixxiqaa sanii gadi jiran isin irraa haaqna. Seensa gaariis isin seensifna.
Seensi kunis Jannata.1)
1 Tafsiiru Muyassar-83
17
Haadhaa Abbaatti Tola Oolu Suuratu Al-Ankabuut irraa kutaa kana keessatti waa'ee haadha abbaatti tola oolu
ilaalla.
نسن ٱووصيرنا ﴿ هههه لر هك به ما ليرس لك ب وإن جهداك لهت شر ا نا سر يرهه ح له هو ۦب
مل ون نت مر تعر هما ك م ب هئ ك نب مر فأ ع ك ما إهل مررجه ه عر ﴾٨عهلرم فل ت طه
“Haadha abbaa isaatti tola oolu namaaf dhaamne jirra. Wanta
beekumsa itti hin qabne akka Natti qindeessituuf yoo sitti qabsaa’an,
isaaniif tole hin jedhin. Deebiin keessan garuma Kiyya, wanta
hojjataa turtanis isinitti hima.” Suuratu Al-Ankabuut 29:8
“Haadha abbaa isaatti tola oolu namaaf dhaamne jirra.” Kana jechuun
haadha abbaa isaatiif tola akka oolu namaaf dhaamne jirra. Dubbiin, hojii
fi qabeenyaan isaanitti tola oola.
Rabbiin olta’aan akkana waan jedheef dubbiidhaan isaanitti tola
oolu qaba:
“Jecha kabajaa isaan lamaanitti dubbadhu.” Suuratu Al-Israa 17:23
(Kana jechuun dubbii isaan kabajuu fi ulfeessun keessa jiru haadhaa abbaa
keetitti dubbadhu.)
Ammas hojiidhaan isaanitti tola oolu ilaalchise ni jedha:
فهضر ٱو ﴿ ما جناح خر ه ٱله ل ةه ٱمهن ل ه لرحر ماٱوق ل رب ا ررحره ﴾٢٤كما ربيانه صغهيرا
“Rahmata irraa kan ka’e koola(koochoo) xiqqeenyaa isaaniif gadi
qabi. “Gooftaa kiyya! Akkuma isaan anaa xiqqaa ta’ee na guddisan
Atis rahmata isaaniif godhi.”jedhi.” Suuratu Al-Israa 17: 24
18
Aayah tana keessatti haadhaa abbaaf of gadi qabuu allaatti yommuu caacuti
ishiitiif koola ishii gadi qabduun wal fakkeesse. Hiikni kanaa: Yaa ilma!
Rahmata irraa kan ka’e haadha abbaa keetif of gadi qabuu fi garaa laafun
kee akka allaatti koola caacutif gadi qabdu haa ta’u.
As keessatti gadi of qabuu fi isaaniif garaa laafun kuni na argaaf ykn
qabeenya isaanii dharra’uun ykn faayda addunyaa biroo hawwuun ta’uu
akka hin qabne agarsiisuuf “Rahmata irraa kan ka’e” jechuun ni
dubbate.1 Namni na argaaf ykn qabeenya haadha abbaa fudhachuuf osoo
hin ta’in isaaniif rahmata gochuuf jecha isaaniif of gadi qabuu fi garaa
laafufi qaba.
Ammas qabeenyaan haadha abbaatti tola oolu ilaalchisee Rabbiin
olta’aan ni jedha:
ب ٱوءاته ذا ﴿ رر كهي ٱو ۥحقه لرق رمهسر يرا لسبهيله ٱ برن ٱو ل رر تبرذه ه ﴾٢٦ول ت بذ
“Firaaf, harka qalleeyyi fi karaa deemaafis haqa isaa kenni.
Qisaasessuu hin qisaasessin.” Suuratu Al-Israa 17:26
Firri nama namatti dhiyoo ta’eedha. Namni hundarra namatti dhiyoo ta’e
haadha abbaadha.
Fakkeenyaaf: namni haadha abbaatti qabeenyaan kan tola oolu fi qabeenya
isaanitti dhangalaasun homattu kan hin hajamne yoo isaan taasise, garuu
dubbiidhaan kan isaan miidhuu fi isaanitti nyakkisu, fuula isaanitti guuru
yoo ta’e, namni kuni haadha abbaatti tola hin oolle. Haaluma kanaan, isaan
waliin kan kolfu, dubbiidhaan isaanitti laafu, qabeenya isaanitti
dhangalaasu yoo ta’e, garuu yommuu haajaan isa waamtu mataa isaatiin
isaan kan hin tajaajille ta’e, inni tola hin oolle. Kanaafu, tola oolun dubbiin,
gochaa fi qabeenyaan ta’uu qaba.
“Wanta beekumsa itti hin qabne akka Natti qindeessituuf yoo sitti
qabsaa’an, isaaniif tole hin jedhin.” [Kana jechuun Anaaf shariika ta’uu 1 Ma’aariju Tafakkuri-9/599
19
isaa wanta hin beekne akka Na waliin gabbartuuf (waaqefattuuf) haadhaa
fi abbaan kee yoo humna baasanii fi carraaqan, isaaniif hin ajajamin, isaan
hin hordofin.]
Asitti itti qabsaa’un dirqama irratti gochuu, dharraasisuu fi danquu
(cinquu)dha. Shirkiitti si ajajuun, kanatti si dirqisiisuu fi sitti danquun akka
Natti waa qindeessitu yoo sitti qabsaa’an, isaaniif tole hin jedhin. Yeroo
garii shirkii jajuun (faarsun), yeroo biraa immoo tawhiida balaalefachuun,
yeroo garii dirqisiisuu fi kajeelchisuun, yeroo biraa immoo firummaa
addaan kutuuf sitti zaatun yoo kanarratti sitti qabsaa’an, isaaniif tole hin
jedhin. Sababni isaas, haqni Khaaliqaa haqa makhluuqaa dursa. Rabbiitti
waa qindeessun (shirkiin) haqa Khaaliqaa keessatti zulmiidha. Akkuma
Rabbiin olta’aan jedhe, “Dhugumatti shirkiin zulmii guddaadha.”
(Suuratu Luqmaan 31:13). Kanaafu, haqa namoota kanniiniif jettee haqa
Rabbii hanqisuun hin hayyamamu.1
Namoonni gariin yommuu Islaama keessa seenan haadhaa fi abbaan isaanii
Islaama irraa duubatti deebisuuf isatti/ishitti qabsaa’u. Islaama dhiisee
wanta isaan waaqeffatan akka waaqefatu, kana jechuun shirkii hojjatu isa
ajaju, ni kadhatu. Yookiin immoo miidhaa isarra geessuf itti dhaadatu.
Kanaafu, namni yeroo kanatti isaaniif ajajamu hin qabu. Aayan tuni Sa’d
ibn Abi Waqqaas ilaalchise akka buute mufassiroonni ni dubbatu.
Sa’d ibn Abi Waqqaas ni jedha: Ani nama haadha tiyyaaf tola oolu ture.
Yommuu ani Islaama keessa seenu, haati tiyya ni jette, Yaa Sa’d! Amantiin
haarofti ati qabatte kuni maaliidhaa? Takkaa amantii kee kana ni dhiista
takkaa immoo ani hanga du’utti hin nyaadhu, hin dhugu. Ergasi yoo ani
du’e, sababa kiyyaan ni salphatta. “Yaa nama haadha ofi ajjeese” jedhama.
Anis ni jedheen: Kana hin hojjatin yaa haadha koo! Ani homaafiyyuu
jedhee amanti kiyya kana hin dhiisu. Guyyaa tokko fi halkan tokko osoo
homaa hin nyaatin turte. Dadhabdu taate ni bariisifatte. Ammas, guyyaa fi
halkan itti aanu osoo homaa hin nyaatin ni turte. Dadhabdu taate ni
bariisifatte. Ammas, guyyaa fi halkan itti aanu osoo homaa hin nyaatin ni
turte. Garmalee tan dadhabdu taate bariisifatte. Yommuu kana argu ani ni 1 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Al-Ankabuut-Ibn Useymiin, fuula 34
20
jedhe: Yaa haadha koo! Ni beekta, Rabbiin kakadhe! Osoo ati nafsee
dhibba (100) qabaatte, nafseen hundi takka takkaan si keessaa baate, amanti
kiyya kana homaafiyyuu jedhee hin dhiisu. Yoo feete nyaadhu, yoo feete
immoo hin nyaatin. Ergasii ishiinis ni nyaatte.”1
Sababni bu’iinsa aayah tanaa Sa’d haa ta’uyyu malee ergaan aayah tanaa
nama hundaa kan hammatuudha.
“Deebiin keessan garuma Kiyya, wanta hojjataa turtanis isinitti
hima.”
Hiikni kanaa, yoo shirkiitti si ajajan haadhaa abbaa kee diduun
cubbuu(dilii) akka hojjatteti hin yaadin. Guyyaa Qiyaamaa deebiin
keessan garuma Kiyya. Wanta hojjataa turtanis isinitti beeksisa. Asitti
beeksisuun (itti himuun) barbaadame wanta isaan wal qabatuudha. Innis
adabuu fi qabuudha. Ati tawhiida irra turuu keetiif jazaa nama tawhiida
qabatee argatta. Isaan immoo shirkii irra turuu isaaniitiif jazaa mushrikaa
argatu. Inumaa wanti kana caale, jazaa mushrikaa gara shirkiitti waamu
argatu. Sababni isaas, isaan shirkii hojjachuu itti fufuu waliin shirkii akka
hojjatu ilmatti qabsaa'an. Kanaafu, adabbii lamatu isaan irra jira:
1ffaa-Isaan lamaanu shirkii hojjachuu
2ffaa-adabbii gara shirkiitti waamu. Inumaa waamu qofaa mitii, akka ilmi
shirkii hojjatu itti qabsaa’an.2
[Yoo ati shirkii keessatti isaaniif tole jettee isaan hordofte, kaafirota
keessaa taata. Akkuma mushrikoota biroo Guyyaa Murtii jazaa kufrii keeti
Jahannam keessa yeroo hundaa turuun argatta.3]
Faaydalee Aayah tanaa keessaa: Faaydan 1ffaan-dubbiin, hojii fi qabeenyaan haadha abbaatti tola oolun
dirqama ta’uu.
Faaydan 2ffaan-haadha abbaan osoo kaafirota ta’anillee haqa qabu.
Aayah keessatti Rabbiin olta’aan, “Wanta beekumsa itti hin qabne
1 Tafsiir Ibn Kasiir 3/446 2 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Al-Ankabuut-Ibn Useymiin, fuula 34 3 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa'iqu tadabburi- 15/227
21
akka Natti qindeessituuf yoo sitti qabsaa’an, isaaniif tole hin jedhin.”
Waan jedheef. Isaan lamaan mushrikoota ykn kaafirota. Ilmas akka shirkii
hojjatu itti qabsaa’u. Kana waliinu Rabbiin isaanitti tola oolu dirqama
godhe.
Faaydaa 3ffaa-Laa xaa’ata li makhluuqi fii ma’asiyatil Khaaliqi (Khaaliqa
faallessuun uumamaaf (makhluuqaaf) ajajamuun hin jiru.) “isaaniif tole
hin jedhin” waan jedheef. Badii keessatti makhluuqaaf ajajamuun hin jiru.
Faaydan 4ffaan- Yoo isaanitti tola ooluun wanta ma’asiyaa (badii) hin
taane keessatti ta'e, isaaniif ajajamuun dirqama ta’uu. Sababni isaas,
ma’asiyaa keessatti isaaniif ajajamu qofarraa dhoowwame. Asitti akkana
jedhamu danda’a: shirkii keessatti namni haadha abbaaf ajajamu irraa ni
dhooowwame, shirkiin ala wanta jiru keessatti isaaniif ajajamu irraa ni
cal’ise. Kana jechuun ma’asiyaa keessatti isaaniif ajajamu irraa ni
dhoowwe, ma’asiyaa wanta hin taane keessatti isaaniif ajajamu irraa ni
cal’ise.
Wanta dirqamaa (waajibaa) keessatti isaaniif ajajamuun dirqama. Sababni
isaas, waajiba kana Rabbiin dirqama godhee jira. Fakkeenyaaf: abbaan kee,
ka’ii jama’adhaan salaati yoo siin jedhe, salaatun sirratti dirqama.
Wanta gaarii ykn badii hin taane keessatti isaaniif ajajamu ilaalchise
immoo akkana jenna: isaaniif ajajamuun isaanitti tola oolu yoo ta’e, aayan
kuni dirqama ta’uu agarsiisti. Rabbiin olta’aan, “Haadha abbaatti tola
ooluu” waan jedheef.1
Isaaniif ajajamuun isaanitti tola oolu yoo hin ta’in, aayanni dirqama ta’uu
hin agarsiistu. Kanaafi, sheykhul Islaama akkana jedha: "haadha abbaaf
ajajamuun wanta isaaniif faayda qabuu fi isa hin miine keessatti qofa
dirqama.”
Aayanni wanta shekhni jedhe agarsiisti. Sababni isaas, Rabbiin ma’asiyaa
keessatti isaaniif ajajamu irraa ni dhoowwe. Ma’asiyaan ala wanta jiru irraa
1 Suuratu Al-Baqarah 2:83
22
ni cal’ise. Amma haa ilaallu: Isaaniif ajajamuun wanta ma’asiyaa hin taane
keessatti yoo ta’ee fi isaanitti tola oolu yoo of keessatti hammate, isaaniif
ajajamuun dirqama. Jecha Rabbii olta’aaf, “Haadha abbaatti tola oolu.”
(Suuratu Al-Baqarah 2:83)
Fakkeenyi kanaa: yoo abbaan kee suuqidhaa waan gaarii akka bittu si ajaje,
kuni sirratti dirqama. Sababni isaas, kuni isatti tola oolu irraayyi. Kanaafu,
hojjachuun sirratti dirqama ta’a.
Gama biraatin ebalu nama qajeelaa waan ta’eef akka isaan hin hiriyyoomne
abbaan kee yoo si ajaje, asitti isaaf ajajamuun sirratti dirqamaa miti.
Sababni isaas, kana keessa miidhaatu jira. Yookiin xiqqaate xiqqaatu
faaydan nama jala darbuudha. Abbaa keetifis faaydan keessa hin jiru.
(Nama qajeelaa fi gaarii ta’e waliin hiriyyoomu yoo dhiiste xiqqaate
xiqqaatu faaydan isarraa argattu si jala darba.)
Garuu yoo abbaan kee ebalu waliin diinummaa (gadoo) dhuunfaa waan
waliin qabaniif “Nama kana waliin hin hiriyyoomin" yoo sin jedhee fi sirra
miidhaan kan hin geenye, nama kana waliin hiriyyoomu irraas faayda kan
hin arganne yoo taate, abbaa keetif ajajamun dirqama. Sababni isaas, diina
abbaa keeti waliin hiriyyoomun abbaa kee dallansisa.
Yoo abbaan kee: niiti tee hiiki siin jedhe, fooyya’insi shari’aa kana keessa
yoo jiraate malee isaaf tole jechuun dirqamaa miti. Fakkeenyaf, abbaan kee
dhimma wayii arguu fi sababa kanaan niitin tee si waliin turu tan hin
dandeenye ta’u. Garuu isaa fi ishii jidduu diinummaan dhuunfaa yoo
jiraate, ilma irratti niiti isaa gadi dhiisun dirqamaa miti. Haa ta’u
malee,haala akkanaa keessatti ishii bakka biraatti dabarsuun dhoksuu
dandeessa. Kanaafu, innis, ishiinis ni boqatu.
Gocha ibni Umar abbaa isaa waliin hojjate ilaalchise Imaamu Ahmad ni
gaafatame. Namni tokko Imaamu Ahmaditti dhufee, “Abbaan kiyya niiti
tiyya akka hiiku na ajaje” jechuun gaafate. Imaamu Ahmadis ni jedhe: Ishii
hin hiikin. Namtichis ni jedhe: Umar ilmi isaa akka niiti isaa hiiku hin
ajajnee? Kanaafu, Nabiyyinis (Sallallahu aleyh wassallam) akka ishii hiiku
23
ajaje. Imaamu Ahmadis ni jedhe, “Eeyyen. Kuni ta’ee jira. Garuu abbaan
kee Umari?”
Deebiin: Inni Umari miti. (Umar Ibn Al-Khaxxaab nama gamnaa waan
ta’eef ilmi isaa niiti akka hiiku kan ajajuuf tarii waan badaa irratti argeeti.
Tarii namni kuni immoo akka Umar waan hin taanef sababa qabatamaa hin
taanef akka hiiku ajaju danda’a.)
Kanaafu, aayan tuni ma’asiyaa keessatti isaaniif ajajamun dhoowwaa akka
ta’e agarsiisti. Wanta maa’asiyaa hin taane keessatti immoo ni cal’ise.
Kanarratti hundaa’e, jalqaba aayah keessa kan seenu yoo ta’e malee isaaniif
ajajamuun dirqamaa miti. Kana jechuun isaaniif ajajamun dirqama kan
ta’uu yoo isaanitti tola oolu ta’eedha. Rabbiin olta’aan waan akkana
jedheef “Haadha abbaa isaatti tola oolu namaaf dhaamne jirra”
Gabaabumatti, qajeelfamni bu’uura haadha abbaaf ajajamuu: Rabbiin
faallessu (ma’asiyaa) keessatti ta’uu hin qabu, isaanitti tola oolu irraa ta’uu
fi isa irra miidha kan geessu ta’uu dhiisu.
Faaydaa 5ffaa: Haqni Rabbii haqoota hunda caalaa guddaadha. Kana
keessa haqni Nabiyyii (sallallahu aleyh wasallam) ni seena. Haqni
Nabiyyi aleyh salaatu wassalaam haqa abbaa fi haadha keeti caala.
Faaydaa 6ffaa: Shirkiin (Rabbiin waliin waan biraa gabbaruun) sirrii
ta’uu ragaan agarsiisu tokkollee hin jiru. Ragaaleen hundi shirkiin soba
akka ta’e agarsiisu.
Faaydaa 7ffaa: du’aan booda kaafamu fi gara Rabbii deebi’u
mirkaneessu. “Deebiin keessan garuma Kiyya.” Waan jedheef.
Faaydaa 8ffaa: namni hojii isaatiin kan mindeefamuudha (jazaa
argatuudha). “Wanta hojjataa turtanis isinitti hima” waan jedheef.
Faayda 9ffaa: Beekumsa Rabbii mirkaneessu. Sababni isaas, himuun
beeksisuudha. Beeksisuun beekumsarraa malee hin ta’u.1
لهحته ٱءامن وا وعمهل وا لهين ٱو ﴿ مر فه لص لنه خه ي ٱلن در لهحه ﴾٩لص
1 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Al-Ankabuut-Ibn Useymiin, fuula 35-39
24
“Warra amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, dhugumatti saalihoota
keessa isaan seensifna.” Suuratu Al-Ankabuut 29:9
Kana jechuun namoonni iimaana isaanii dhugaa fi sirrii ta’e irratti gadi
dhaabbatan, fitnaan (qormaanni) iimaana isaanii irraa isaan hin sochoofne,
dhugummaa iimaana (amanuu) isaanii hojii gaggaarii hojjachuun
dhugoomsan, Guyyaa Murtii garee warra saalihoota (warra gaggaarii) gara
Jannataa garee gareen oofaman keessa isaan seensifna.1 Guyyaa Qiyaamaa
namoonni hunduu hojii isaanii irratti hundaa’e garee gareen walitti
qabamu. Mu’minni garee mu’mintootaa waliin, kaafirri garee kaafirotaa
waliin walitti qabama.
“Iimaanaa fi hojiiwwan gaggaariin aasxaa milkaa’innaati.” Garuu
hojiiwwan gaggaariin ulaagaalee lama kan guute ta’uu qaba: ikhlaasaa fi
shari’aa hordofuudha.
Guduunfaa
✏Haadha abbaatti tola oolun karaa sadiin ta'a. Isaanis: dubbiin,
hojiidhaan fi qabeenyaan. Dubbii gaarii isaanitti dubbatta, hojii gaarii
isaaniif hojjatta, qabeenya yoo barbaadan isaaniif kennita.
✏Ma'asiyaa keessatti haadha abbaaf ajajamuun dhoowwadha. Ma'asiyaa
jechuun Rabbiin faallessuudha. Ma'asiyaan kuni wanta Rabbiin dhoowwe
hojjachuu fi wanta dirqamaa Rabbiin itti ajaje hojjachuu dhiisu of keessatti
hammata. Kanaafu haadha abbaan kee wanta Rabbiin dhoowwe akka
hojjattu ykn wanta dirqamaa Inni itti ajaje akka dhiistu yoo si ajajan,
isaaniif ajajamu hin qabdu. Fkn, shirkii akka hojjattu yoo si ajajan, isaaniif
hin ajajamin. Salaata fardii akka dhiistu yoo si ajajan, isaaniif ajajamu hin
qabdu.
1 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa'iqu tadabburi- 15/227
25
26
Yeroo Kam Mu'minaa fi Munaafiqni addaan baafamuu? Eeyyen! Namoonni hundu arrabaan "Rabbiitti amanne, Islaama qabanne"
jechuu danda'u. Garuu dubbii isaanii kana keessatti hangam dhugaa akka
ta'an ifatti baasuf Rabbiin osoo isaan hin qorre hin dhiisu. Ta'uu baannan,
namni dhugaati fi sobaa addaan hin baafamu. Yeroon namni dhugaa fi
sobaa addaan baafamu yeroo wanti jibbamaan (rakkoon) isa qunnamudha.
Yeroo kanatti, haqiiqaan (dhugaan keessa isaa jiru) ifatti baha. Suuratu Al-
Ankabuut irraa keeyyattoonni armaan gadii kana nuuf ibsu.
ه لناسه ٱومهن ﴿ ول ءامنا ب وذهي فه لله ٱمن يق هذا أ كعذابه لناسه ٱجعل فهترنة لله ٱفإ
و ليرس لله ٱ أ مر نا معك ول ن إهنا ك هك لق هن رب م هن جاء نصر هما فه لل ٱولئ لم ب عر
هأ ب
وره د لمن ١٠لرعلمهي ٱص لمن لهين ٱ لل ٱولعر نفهقهي ٱءامن وا ولعر رم ﴾١١ل
“Namoota keessaa nama “Rabbitti amanne” jedhutu jira. Garuu yommuu
karaa Rabbii keessatti rakkifamu, fitnaa namootaa akka adabbii Rabbii
taasisa. Injifannoon Gooftaa kee irraa yoo dhufe immoo, "Dhugumati nuti
isin waliin turre" jedha. Sila Rabbiin wanta qoma aalamaa keessa jiru
hundarra beekaa mitii? Dhugumatti, Rabbiin warroota amanan beekuf jira,
munaafiqootas beekuf jira.” Suuratu Al-Ankabuut 29:10-11
Namoota keessaa nama Rabbitti amanne jedhutu jira. Sababa Rabbiitti amanuu
isaatiif yommuu kaafironni isa rakkisanii fi azzaban, fitnaa namootaa akka azaaba
(adabbii) Rabbii taasisa. Asitti Fitnaan namootaa sababa inni Islaama qabateef
rakkinnaa fi dararaa kaafironni isarraan gahaniidha. “Akka adabbii Rabbii
taasisa” kana jechuun dararaa fi rakkinna namoonni isa irraan gahan adabbii
Rabbiitiin wal qixxeessa. Jecha biraatin adabbii namootaa addunyaa keessatti
isarra gahuu adabbii Rabbii Aakhiraatti kaafirota irra gahuun wal qixxeessa.1
Adabbiin namootaa akkuma adabbii Rabbii guddaa fi cimaadha jedhee
sodaachuun Islaama irraa duubatti deebi’a.
Nama akkana ilaalchisee Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
1 Tafsiir Xabarii-18/364, Tafsiir Tahriir wa Tanwiir 20/216
27
ب د لناسه ٱومهن ﴿ صابه لل ٱمن يعر فإهنر أ حررف ۥعل ن ٱخيرر
مأ ههه طر صابتره ۦ ب
وإنر أ
هههه نقلب ٱفهترنة وجر ۦعل نرياٱخسه ٱو ل رة و لأخه هك ه ل ان ٱذ بهي ٱ لر سر رم ﴾١١ل
"Namoota keessaa nama [amantii irraa] moggaatti ta'ee [shakkiin] Rabbiin
gabbarutu jira. Yoo toltuun isa tuqe, isatti (toltuu kanatti) tasgabbaa'a. Yoo
rakkoon isa tuqxe immoo fuula isaa irratti garagala (amantii irraa duubatti
deebi'a). Inni addunyaa fi Aakhiraa kasaare. Suni isumatu kasaaraa ifa
bahaadha." Suuratu Hajj 22:11
(Namni kuni iimaana faayda addunyaatin walitti hidha. Yoo fayyaa fi
mijaa'inna keessa jiraate, Rabbiin gabbaruu isaa itti fufa. Yoo rakkoon isa
qunname immoo Islaama irraa duubatti deebi'a. Islaama irraa duubatti
deebi'uun isaa addunyaa isaaf murteefame irraa homaa waan hin jijjireef
addunyaa kasaare. Aakhirattis sababa kufrii isaatiin ibidda seenun kasaara.)
Namni amanee (mu’minni) nama biraatiin rakkifamuun qormaata ittiin
qoramuudha. Namni gariin yoo amanee fi Islaama qabatee ergasii sababa
kanaaf namoonni isa rakkisan, obsuu hin danda’u. Islaama irraa duubatti
deebi’a. Rabbiin irraa eeggumsa kadhanna. Namni gariin immoo iimaana
cimaa qaba. Yommuu rakkifamu, ni obsa. Iimaanni isaas ni dabala.
Garuu namni “Rabbitti amanne” jedhee fi iimaanni qalbii isaa keessatti
hidda hin qabanne, iimaanaa fi Ergamtootaaf ajajamuu isaatiif dararaa fi
rakkinna namoonni isarraan gahan akka adabbii Rabbii kaafirota ittiin
adabuu godha.
“Akkuma namni tokko adabbii Rabbii sodaachuun kufrii fi badii irraa
dheessu, namni kunis dararaa fi rakkinna namoonni isarraan gahan
sodaachun iimaanaa fi gaarummaa irraa dheessa. Amanuu isaatiin
booda yommuu kaafiroota irraa zaachan, hidhaa fi roorroon isa qunname,
sababa kufrii isaatiin Jahannam keessatti adabbii Rabbii isa qunnamu san
caalaa cimaa akka hin taanetti ilaala. Kanaafu, adabbii addunyaa irraa of
baraaruu fi jireenya mijaa’innaa dabarsuuf iimaana dhiisuu fi
kaafirootaan wal qunnamu murteessa.
28
“Injifannoon Gooftaa kee irraa yoo dhufe, 'dhugumati nuti isin
waliin turre' jedha.”
Har’a amantii (diinii) Rabbii babal’isuu keessatti qoreenu akka isa
waraantu qophii waan hin taanef gogaa isaa baraaruuf kaafirotatti
dabalame. Mu’mintoota ni dhiise. Garuu yommuu Rabbiin namoota karaa
Isaa keessatti qabsaa’aniif injifannoo kennuuf, namni kuni firii injifannoo
irraa qooda isaa argachuuf gara fuunduraatti baha. Muslimotaan akkana
jedha, ‘Qalbiin teenya isin waliini, milkaa’inna keessaniif du’aayi gochaa
turre; dirqama keessan bahuu fi wareega isin kafaltan akka guddaatti
yaadaa turre.’”1
“Sila Rabbiin wanta qoma aalamaa keessa jiru hundarra beekaa mitii?”
kana jechuun osoo isiniin wali galuu mul’isaniyyuu sila Rabbiin wanta
qalbii isaanii keessa jiruu fi keessa isaaniitti dhoksan hundarra beekaa
mitii?2 Rabbiin wanta qalbii isaanii keessa jiru hunda caalaa beeka.
İimaanaa fi nifaaqa isaanii sirritti beeka.
“Dhugumatti, Rabbiin warroota amanan beekuf jira, munaafiqootas
beekuf jira.”
Aayah tana irraa waa lama ni hubanna: 1ffaa-Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta qalbii namootaa keessa jiru
isaan qoruun dura ni beeka. Garuu isaan qoruudhaan dhugaan Inni qalbii
isaanii keessatti beeku ifatti baha. Namoonni qalbii isaaniitin amanan
yeroo qormaataa haalli isaanii ifatti baha. Munaafiqoonni qalbiin osoo hin
amanin arrabaan amanne jedhanis haalli isaanii ifatti baha. Kanaafu,
yeroo qormaataa namni dhugaan amane (mu’iminaa) fi munaafiqni
(namni sobaan amane) addaan baafamu.
2ffaa-Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta beeken qofa namootaaf
mindaa hin kennu ykn hin adabu. Kana irra, erga isaan qoree (fattanee)
booda wanta isaan irraa mul’ateen mindaa isaaniif kenna ykn
adaba.3 Nama dhugaan amanee fi yeroo qormaataa iimaana irratti gadi
1 https://www.englishtafsir.com/Quran/29/index.html#sdfootnote14sym 2 Tafsiir Ibn Kasiir-6/49 3 Tafsiiru Sa’dii-736
29
dhaabbate, mindaa warra dhugaan amananii isaaf kenna. Munaafiqa
immoo adabbii munaafiqootaa isa adaba. Adabbiin isaas ibidda Jahannam
irraa sadarkaa hundarra gadi aanaa keessa ta’uudha. Rabbiin kanarraa nu
haa tiiksu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
نفهقهي ٱإهن ﴿ رم فله ٱ لرركه ٱفه ل سر يرا لناره ٱمهن لر مر نصه ﴾١٤٥ولن تهد له
“Dhugumatti munaafiqoonni ibidda irraa sadarkaa hundarra gadi
aanaa keessa ta’u. Tumsaas isaanif hin argitu.” Suuratu An-Nisaa
4:1451
Faaydaalee muraasa aayaata kanniin irraa argannu: Faaydaa 1ffaa: Arrabaan amanuun qofti nama hin fayyadu.
Faaydaa 2ffaa: Qormaanni safartu namni dhugaa nama biraa irraa ittiin
adda bahuudha. Ta’uu baannan, namoonni hundu “Ani mu’mina” jedhu
turan.
Faaydaa 3ffaa: Namni iimaanni qalbii isaa keessatti hidda hin qabanne,
yommuu sababa isaatiif rakkifamu iimaana irraa dubbatti deebi’a.
Faaydaa 4ffaa: Munaafiqonni yeroo mijaa’innaa fi injifannoo
mu’mintoota waliin hirmaatu. Yeroo rakkoo immoo isaan irraa adda
bahu.
Faayda 5ffaa: Injifannoon Rabbi qofa irraayyi.
Faayda 6ffaa: nifaaqa irraa akeekachiisuu. Rabbiin akkana waan jedhuuf:
“Sila Rabbiin wanta qoma aalamaa keessa jiru hundarra beekaa
mitii?” (Nifaaqa jechuun kufrii fi waan badaa dhoksuun Islaamaa fi waan gaarii
mul’isuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta namni qalbii keessatti
dhokse hunda waan beekuuf namni nifaaqa irraa of eeggachu qaba. Ta’uu
baannan, kufrii fi wanti badaan inni dhoksee yeroo qormaataa ifatti bahee
salphata.)
1 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Al-Ankabuut-Ibn Useymiin, fuula 48
30
Faaydaa 7ffaa: kaayyoon namoota qoruu mu’mina munaafiqa irraa adda
baasudha.1
1 Madda olii
31
Karaa Jallinnaa Namatti Bareechisuu fi adabbii isaa Kaafironni daandii qajeelaa irraa nama jallisuuf wanti isaan hin goone hin jiru.
Tooftaalee adda addaatti fayyadamu. Tooftaalee sanniin keessaa mee tokko haa
ilaallu:
هلهين ءامن وا لهين ٱوقال ﴿ وا ل ٱكفر وا مر وما تبهع مهلر خطيك حر سبهيلنا ولنرب ون ذه مر لك إهنه ء هن شر م م هحمهلهي مهنر خطيه م ب مر ١٢ه ثرقاله
مهل ن أ ولحر
ولي سر هههمر ثرقالثرقالا مع أ
ون لرقهيمةه ٱ يورم ل ن وأ ت ﴾١٣عما كن وا يفر
“Warri kafaran warra amananiin, “Karaa keenya hordofaa, cubbuu
keessan ni baadhanna.” jedhan. Isaan cubbuu isaanii irraa homaayyu
hin baadhatan. Dhugumatti isaan kijibdoota. Dhugumatti, ba’aa
isaanii akkasumas ba’aa isaanii waliin ba’aa [biraas] ni baadhatu.
Dhugumatti, Guyyaa Qiyaamaa wanta kijibaan uumaa turan irraa ni
gaafatamu.” Suuratu Al-Ankabuut 29:12-13
Warri kafaran warra Ergamaa Rabbiitti amananii fi hordofaniin, “Yoo isin
karaa keenya hordoftanii fi du’aan booda kaafamtan, yeroo sanitti adabbii
cubbuu (dilii) keessanii ni baadhanna.” jedhan.1 Asitti “Karaa keenya”
jechuun “Amanti keenya” jechuu isaaniti. Kuni gara sobaati waamudha.
Karaan isaan itti waaman kuni shirkiidha.2
“Isaan cubbuu isaanii irraa homaayyu hin baadhatan. Dhugumatti
isaan kijibdoota.” Kana jechuun isaan wanta jedhan kana keessatti
kijibdoota. Cubbuu isaanii irraa homaayyu hin baadhatan. Jecha biraatin
kaafironni namoota gara shirkii fi badiitti waaman irraa cubbuu
baadhachuun adabbii jalaa nagaha isaan baasu hin danda’an. Garuu
yommuu akkana jedhu, “Yakka namoota jallisuu osoo hin ta’in cubbuu
1 Tafsiir Xabarii-18/367 2 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Al-Ankabuut-Ibn Useymiin, fuula 50
32
hojjatan qofa baadhatuu?” jedhee namni yaadu danda’a. Yaada kana oofuf
itti aanse ni jedhe:
“Dhugumatti, ba’aa isaanii akkasumas ba’aa isaanii waliin ba’aa
[biraas] ni baadhatu.”
“ba’aa isaanii” kana jechuun ba’aa cubbuu isaanii. “ba’aa isaanii waliin
ba’aa [biraas] ni baadhatu.” Ba’aan biraa kuni ba’aa cubbuu namoota
jallisanii fi karaa Rabbii irraa dhoowwaniiti. Hordofaa fi hordofamaan
cubbuu kanarraa qooda qabu. Sababni isaas, hordofaan mataa ofiitiin ni
hojjate, hordofamaan immoo akka hordofaan kuni hojjatuuf itti waamuun
sababa ta’e.1
Guyyaa Qiyaamaa kaafironni gara shirkii fi kufriitti waaman kunniin ba’aa
cubbuu dachaa baadhatu. Ba’aan cubbuu tokkoffaa mataa isaanitiin
jallachuu fi shirkii hojjachuu. Ba’aan cubbuu lammataa immoo namoota
biroo jallisuudha. Kuni fakkeenyaan hubatamu danda’a: Namni tokko ni
hata. Namni biraas akka isa waliin hatu ni waama. Amma, namni lammataa
kunis yoo hate, sababa namni biraa hannatti isa kakaaseef abbaan murtii
kamiyyu isa gadi hin lakkisu. Haala kamiyyu keessatti haa ta’u, hanna
isaatiif ni adabama. Isa gadi lakkisuun bakka isaa nama jalqabaa hannatti
isa kakaase adabuun haqummaa miti. Garuu hattuun jalqabaa yakka lamaaf
adabama: yakka mataa isaatiin hanna raawwachu fi yakka namni biraa akka
isa waliin hatu kakaasu. Qajeelfamni bu’uuraa kuni Qur’aana keessatti
bakka biraattis kaafame jira:
مر كمهلةا يورم ﴿ زاره ورمهل وا أ حر زاره لرقهيمةه ٱله ور
ه لهين ٱومهنر أ هغيرر م ب لونه ي ضه
ون ل ساء ما يزهر ﴾٢٥عهلرم أ
“Guyyaa Qiyaamaa ba’aa isaanii haala guutuu ta’een baadhatu,
akkasumas ba’aa namoota beekumsa malee jallisanii irraas [ni
1 Tafsiir Xabarii-18/369, Tafsiir Sa’dii-736
33
baadhatu]. Dhagayaa! Wanti isaan baadhatan fokkate!” Suuratu An-
Nahl 16:25
Qajeelfama bu’uuraa kanaan wanta wal fakkaatu Ergamaan Rabbiis
(sallallahu aleyh wassalam) ibsanii jiru: “Namni gara qajeelinnaatti
namoota waame, osoo ajrii (mindaa) isaanii irraa homaa hin hir’ifamin
fakkaataa ajrii (mindaa) namoota isa hordofanii argata. Namni gara
jallinnaatti waames osoo cubbuu isaanii irraa homaa hin hir’ifamin
fakkaataa cubbuu namoota isa hordofanii baadhata.” Sahiih Muslim 26741
“Dhugumatti, Guyyaa Qiyaamaa wanta kijibaan uumaa turan irraa ni
gaafatamu.” Kana jechuun dhugumatti Guyyaa Qiyaamaa amanti
keessatti wanta kijibaa turaniif ni qoratamu.2
Guduunfaa
✏Namoonni gara kufrii fi badiitti nama waaman, Guyyaa Qiyaamaa
nama jallisan kana irraa ba'aa badii baadhachuun adabbii jalaa isa baasu
hin danda'an. Garuu yakka lama waan hojjataniif ba'aa badii dachaa ta'ee
baadhatu:
Yakki 1ffaan-mataa isaaniitiin kufrii fi badii hojjachuu
Yakki 2ffaan-nama biraa gara kufrii fi badiitti waamun jallisuudha.
Dhimma kana mana murtii addunyaa irraayyu ni hubanna. Namni yakka
ofii hojjate dabalatee yakka nama badiitti kakaasuufis ni qabama.
✏Kanaafu, namni gara jallinnaatti namoota waamu irraa of qusachuu qaba.
Akkasumas, namoota jallinnatti waaman hordofuu irraas of qusachuu qaba.
Sababni isaas, namoonni har'a badii isaaf bareechisuun jallinnatti isa
waaman Guyyaa Qiyaamaa adabbii jalaa isa baasu hin danda'an. Kanaafi,
Guyyaa Qiyaamaa hordoftoonni fi hoggantoonni isaan jallisan haala
kanaan wal falmu:
1 https://www.englishtafsir.com/Quran/29/index.html#sdfootnote18sym,
Tafhiim al-Qur’aan, Sayyid Abul Ala Ma’ududi 2 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/232
34
ون فه ﴿ ول لناره ٱوإذر يتحاج ٱفيق ا عفؤ هلهين لض ٱل وا ب تكر مر سر نا لك إهنا ك ن ون غر نت م م
ا فهلر أ هن تبعا ا م يبا ٱ لهين ٱقال ٤٧لناره ٱعنا نصه وا ب تكر سر إهنا ك
لل ٱفهيها إهن ﴾٤٨لرعهباده ٱقدر حكم بير
“Yeroo ibidda keessatti wal falman, warri dadhaboon warra of tuulaniin,
“Nuti isin hordofaa turre. Kanaafu, ibidda irraa qooda wayii nurraa kaasu
dandeessuu?” jedhu. Warri of tuulanis ni jedhu, “Nuti hunduu ishii (ibidda)
keessa. Dhugumatti Rabbiin gabroota jidduutti murteessee jira.” Suuratu
Ghaafir 40:47-48
35
Nabii Nuuhin Erguu fi Ummanni isaa baduu
ررسلرنا ن ﴿م ۦوحا إهل قورمههه ولقدر أ خذه
ا فأ ي عما لرف سنة إهل خرسه
فلبهث فهيههمر أ
وفان ٱ ون لط مر ظلهم حب ١٤وه صرنجيرنه وأ
هلرعلمهي لسفهينةه ٱفأ ﴾١٥وجعلرنها ءايةا ل
“Dhugumatti, Nuuhin gara ummata isaatti erginee jirra. Waggaa
shantama malee waggaa kuma tokko isaan keessa ture. Isaan
zaalimoota ta’anii osoo jiranu xuufaan isaan qabe. Isaa fi warra doonii
ni baraarre. Aalamaaf mallattoo ishii goone.” Suuratu Al-Ankabuut
29:14-15
Kuni Rabbii olta’aa irraa gabrichaa fi Ergamaa Isaa Muhammadiif (SAW)
jajjabeenya ta’a. Kunis Nabiyyoonni isa dura turan akka qoraman isatti
beeksiisa. Namoota shirkii hojjachuu itti fufaniif immoo akeekachiisa ta’a.
Isaan yeroo murtaa’ef yoo tursiifaman, ummanni Nuuh isaan caalaa yeroo
dheeraaf tursiifamanii jiru. Ergasii adabbii cimaan ni qabaman.
Nabii Nuuh waggaa shantama malee waggaa kuma tokko ummata isaa
keessa akka ture isatti beeksisa.Kana jechuun Nabii Nuuh waggaa dhibba
sagalii fi shantama (950) ummata isaa keessa jiraate. Waggaa kana hunda
halkanii guyyaa, ifaa fi dhoksatti gara Rabbii isaan waama. Garuu kana
waliinu waamichi kuni haqa irraa dheessu fi irraa garagaluu, kijibsisuu
malee homaa isaaniif hin daballe. Isaan keessaa namoota muraasa malee
isa waliin hin amanne. Waggaa dheeraa kana booda yommuu ummanni isaa
isa didanii shirkii fi kufrii isaanii itti fufan, “xuufaan” isaan qabe. Xuufaan
jechuun bishaan garmalee baay’ee samii irraa bu’ee fi dachii keessaa ol
burqeedha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa bishaan gama hundaan isaan
marsuu fi liqimsu samii irraa itti gadi roobse, lafa keessaas itti ol burqisiise.
Suurah biraa keessatti akkana jedha:
ب ﴿ برونا أ نرهمهر لسماءه ٱففتحر هماء م نا ١١ب رض ٱوفجرر
ي وناا ف لر ق ٱع رماء ٱ لر لر ر قدر ق ده مر
أ ﴾١٢عل
36
“Bishaan gadi dhangalaa’uun balbaloota samii itti banne. Dachiis
burqaalee akka burqisiiftu taasifne. Kanaafu, dhimma duraan
murtaa’e irratti bishaan [samii fi dachii] wal qunname.” Suuratu Al-
Qamar 54:11-12
Samii irraa roobni baay’een gadi dhangala’e. Dachiinis gara hundaan
burqaa dhangalaasti. Kanaafu, roobni samii irraa gadi dhangala’uu fi
burqaan lafa keessaa ol burqu “dhimma duraan murtaa’ee irratti” walitti
dhufan. Dhimmi duraan murtaa’e kuni ummata Nuuh balleessudha.1
“Isaa fi warra doonii ni baraarre. Aalamaaf aayah ishii goone.” Kana
jechuun Nuuhi fi dooni keessatti warra isa waliin turan ni baraarre. Warri
isa waliin dooni yaabbatan warra isatti amananii fi hordofaniidha.
“Aalamaaf aayah ishii goone.” Kuni hiika lama qaba:
1ffaa-maqdhaalli “Ishii” jettu, dooni irratti deebi’uu danda’a. Kanaafu
hiikni isaa: dooni tana namootaaf mallattoo goone. Rabbiin subhaanahu
wa ta’aalaa dooni yeroo jalqabaatiif Nabii Nuuh akka hojjatu ajaje.
Ergasii namoonni isarraa laalun hojjatan. Kanaafu, kuni mallattoo
namoonni rahmata Gooftaa isaanii ittiin hubataniidha.
2ffaa-maqdhaalli “ishii” jettu qissaa (seenaa) Nabii Nuuh irratti deebi’uu
danda’a. Seenaan Nabii Nuuh namootaaf barnootaa fi gorsa ta’a. Namni
Ergamtoota kijibsiisee hundi dhimmi isaa badiinsa. Rabbiin
mu’mintootaaf dhiphinnaa fi rakkoo hunda keessaa karaa bahiinsaa
godhaaf.2
1 Tafsiir Muyassar-529, Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-3/368 2 Tafsiir Sa’dii-736, Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Al-Ankabuut-Ibn Useymiin,
fuula 62-63
37
Rabbiin Qofa Gabbaruun Karaa Rizqii fi wanta barbaadan ittiin argataniidha
Ilmi namaa halkanii guyyaa rizqii soqachuuf oli gadi kaata. Yommuu rizqii
dhabuu ykn jalaa xiqqaatu gara humna ghaybi (ijaan hin mul'anne) rizqii
naaf kenna jedhee yaadutti deemun isaaf of gadi qaba. Tarii wanti inni rizqii
naaf kenne jedhe sagaduuf kuni wanta homaayyu hin hojjanne ta'uu
danda'a. Nabii Ibraahim (aleyh salaam) ummata isaa kana hojjatan irratti
jibbuun Rabbii Tokkicha rizqii namaaf kennu danda'uuf akka gadi of
qabanii fi sagadaniif isaan gorse:
ٱههيم إهذر قال لهقورمههه وإبرر ﴿ وا ب د ٱو لل ٱ عر وه ون تق لم نت مر تعر مر إهن ك لك مر خيرر لهك ١٦ذون مهن د ونه ب د ون إهفرك إهن لله ٱإهنما تعر ا وترل ق ثنا ور
ون مهن د ونه لهين ٱأ ب د ل لله ٱتعر
مر رهزر ون لك لهك ا ف يمر ٱقا وا تغ ق ٱ لله ٱعهند بر هزر وه ٱو لر ب د ٱو عر وا ر ك ون ۥ ل شر ﴾١٧إهلرهه ت ررجع
Ibraahiminis yommuu ummata isaatiin, “Rabbiin gabbaraa, Isa
sodaadhaa. Yoo kan beektan taatan santu isiniif caala. Rabbii gadiitti
sanamoota qofa gabbartu, kijibas uumtu. Kanneen isin Rabbii gadiitti
gabbartan rizqii isiniif kennuu hin danda’an. Kanaafu, Rabbuma
biraa rizqii barbaadaa, Isas gabbaraa, Isaafis galata galchaa. Garuma
Isaa deebifamtu.” jedhe [yaadadhu]. Suuratu Al-Ankabuut 29:16-17
Yommuu Ibraahim (aleyh salaam) ummata isaatiin akkana jechuun waame
yaadadhu: ibaadaa Rabbi qofaaf qulqulleessaa, wanta Inni dirqama isin
irratti godhee hojjachuu fi Isa faallessuu irraa fagaachun dallansuu Isaa
irraa of eegaa. Yoo kan beektan taatan Rabbiin gabbaruu fi Isa sodaachutu
isiniif caala. Dhugumatti, Rabbiin gabbaruu fi Isa sodaachuu dhiisu keessa
kheyriin homaatu hin jiru. Rabbiin gabbaruu fi Isa sodaachuun namootaaf
garmalee gaarii kan ta’eef addunya fi Aakhiratti kanaan malee badhaasa
Isaa hin argatan. Kheeyrin hundi addunyaa fi Aakhira keessatti argamu
bu’aa ibaadaa fi taqwaati.1
1 Tafsiiru Muyassar-398, Tafsiir Sa’dii-737
38
Rabbiin gabbaruu jechuun wanta Inni itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni
dhoowwe dhiisuun Isaaf of gadi qabuudha. Taqwaa jechuun immoo
Rabbiif ajajamuun adabbii Isaa irraa eeggumsa godhachuudha.1
“Rabbii gadiitti sanamoota qofa gabbartu, kijibas uumtu.” Ibraahim
(aleyh salaam) ummata isaatiin akkana jedhe, “Sanamoota harka keessaniin
boccan waaqefattu. Sanamoota kanniin gabbaramoo jettanii moggaasuun
kijiba uumtu.2 Akkasumas, nama isaan gabbaruuf faayda fiduu fi miidhaa
isarraa deebisu keessatti dhiibbaa hin mul’anne qabuu jechuun soba uumtu.
“Kanneen isin Rabbii gadiitti gabbartan rizqii isiniif kennuu hin
danda’an. Kanaafu, Rabbuma biraa rizqii barbaadaa, Isas gabbaraa,
Isaafis galata galchaa. Garuma Isaa deebifamtu.” jedhe [yaadadhu].” Karaa soorataa fi galii nuuf laaffisu jechuun wantoonni isin Rabbiin alatti
waaqefattan, soorataa fi galii isiniif kennuu hin danda’an. Sababni isaas,
sanamoonni kunniin wanta harka keessaniin boccaniidha, nama fayyadu
hin danda’an.
Dhugumatti, rizqii kan harkaa qabu Rabbii Gooftaa keessan ta’ee fi
Gooftaa samiiwwanii, dachii fi isaan jidduu ta’eeti. Inni Khaaliqa wantoota
jiran hundaati. Kanaafu, Isa bira qofa rizqii keessan barbaadaa, Isa qofas
gabbaraa. Qananii baay’ee isiniif kenneefis Isa galateefadhaa. Qananii kana
keessaa samii irraa bishaan buusuu fi biqiltoota biqilchuun rizqii isiniif
laaffisuudha.3
Rabbii olta’aa qofa gabbaruu fi Isa galateefachuun sababa rizqii ittiin
argatanii fi sababa rizqiin ittiin turuudha. “Isa gabbaraa” kuni sababa
rizqiin ittiin argamuudha. “Isaaf galata galchaa” kuni sababa rizqiin ittiin
turuudha.4
1 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 67-68, Ibn Useymiin 2 Tafsiiru Muyassar-398 3 Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/239 4 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 72, Ibn Useymiin
39
“Garuma Isaa deebifamtu” Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa gara Isaatti
deebifamuun wanta hojjataa turtaniif jazaa isiniif kafala, wanta dhoksitanii
fi ifatti baastan isinitti beeksisa. Kanaafu, shirkii keessan irra osoo jirtanu
Isatti dhufuu irraa of eeggadhaa, wanta gara Isaatti isin dhiyeessu fi yeroo
Isatti dhuftan mindaa ittiin isiniif kennu kajeelaa.1
ب ﴿ ه وما عل وإن ت كذ مر هن قبرلهك مم م وله ٱوا فقدر كذب أ لغ ٱإهل لرس بهي ٱ لر رم ﴾١٨ل
“Yoo kijibsiiftan, dhugumatti ummattoonni isiniin duraa kijibsiisanii
jiru. Itti geessu ifa ta’e malee Ergamaa irra homtu hin jiru.” Suuratu
Al-Ankabuut 29:18
Yaa namoota! Ergamaa Keenya Muhammadin sallallahu aleyh wassallam
yoo kijibsiiftan, isin dura ummattoonni darban Ergamtoota isaanitti
ergaman kijibsiisanii jiru. Kanaafu, dallansuun Rabbii isaanitti bu’e.
Dirqamni Ergamaa irra jiru Rabbiin irraa ergaa Isaa itti geessu ifa ta’e
isinitti geessu qofa. “Itti geessu ifa ta’e” jechuun wanti barbaadame nama
dhageefatuuf ifa kan ta’uu fi hiikni barbaadame kan irraa hubatamuudha.2
1 Tafsiir Sa’dii-737 2 Tafsiir Muyassar-398, Tafsiir Xabarii-18/376
40
Jalqaba Kan Uume Lamuu Deebisuun Isatti ni ulfaataa?
ئ ﴿ برده ا كيرف ي و لمر يرورلرق ٱ لل ٱأ ه لر هك عل ۥ ث م ي عهيد ل ير لله ٱإهن ذ ﴾١٩يسه
“Sila akkamitti Rabbiin uumuu akka jalqabu ergasii isa deebisuu hin
arginee? Dhugumatti, kuni Rabbiin irratti salphaadha.” Suuratu Al-
Ankabuut 29:19
Sila namoonni du’aan booda kaafamu morman ykn shakkan, Rabbiin
akkamitti uumamtoota uumuu akka jalqabu hin arginee? Biqiltootaa fi
midhaan sanyii keessaa ni biqilcha, lubbu-qabeenyi copha bishaan saalaa
irraa ni uuma. “Ergasii isa deebisa.” Kana jechuun Rabbiin akkuma yeroo
jalqabaa uume uumamni kuni erga badee fi bututee booda ni deebisa. Kuni
Isarratti hin ulfaatu. “Dhugumatti, kuni Rabbiin irratti salphaadha.”
Kana jechuun uumamtoota uumuu jalqabuu fi erga badanii booda
deebisuun Rabbiin irratti salphaadha. Sababni isaas, Rabbiin subhaanahu
wa ta’aalaa wanta tokko uumuu yoo barbaade, “Ta’i” jechuuni qofa. Wanti
sunis yoosu ta’ee argama.1
وا فه ﴿ ير رضه ٱق لر سه ٱف لر وا ر نظ
ٱكيرف بدأ لرق ئ لل ٱث م لر ة ٱي نشه
أ لنشر
ٱ رة ير لل ٱإهن لأخه ء قده ه شر ك ﴾٢٠عل
Jedhi, “Dachii keessa deematii akkamitti [Rabbiin] uumuu akka
jalqabee ilaalaa. Ergasii Rabbiin uuminsa dhumaa uuma.
Dhugumatti, Rabbiin wanta hundaa irratti Danda’aadha.” Suuratu
Al-Ankabuut 29:20
Kana jechuun namoota du’aan booda kaafamutti hin amanneen akkana
jedhi: Dachii keessa deemaatii Rabbiin akkamitti uumamtoota uumuu akka
jalqabee ilaalaa, qoradhaa. Isaan ala uumamtoota kanniin kan uume
Khaaliqni biraa ni jiraa?2
1 Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/240 2 Zaadul Masiir-1080
41
Dachii keessa deemun uumamtootatti xinxalluun: takkaa miilaan lafa
keessa deemun wanta arganitti xinxalluu takkaa immoo kitaaba waa’ee
uumama lubbu-qabeenyi dubbatu dubbisuun qalbiin itti xinxalluun ta’a.1
Dachii keessa deemun uumamtootatti xinxalluutti ajajuun faayda baay’ee
qaba: namni wanta naannawa isaa yeroo hundaa waan arguuf bartee ykn
aadaa godhatee jira. Barnoota hangas mara irraa hin fudhatu. Garuu
yommuu dachii keessa deemuu fi wanta haarawa arguu, itti xinxalluu
jalqaba. Namni gamni akkana jechuun xinxalla. “Uumamni kuni duraan
kan hin jirre ture. Ergasii haala ajaa’ibaa kanaan ni uumame. Kanaafu,
eenyutu uumama kana argamsiise ykn uumee? Wanti duraan hin jirre ofiin
of uumu waan hin dandeenyeef Khaaliqni isa uume jiraachu qaba.
Khaaliqni kuni wanta duraan hin jirre erga uume, wanta bade lamuu uumuu
ni dadhabaa? Gonkumaa hin dadhabu. Jalqaba uumuu kan danda’e lamu
deebisee uumuu irratti danda’aadha.” Kanaafi itti aanse ni jedha:
“Ergasii Rabbiin uuminsa dhumaa uuma.” Kana jechuun uumamtoonni
erga badanii booda Rabbiin yeroo kaafamaa uuminsa biraa isaan uuma.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa uumamtoota jireenya jalqabaa keessatti
uume hunda erga balleesse booda Guyyaa Qiyaamaa isaan kaasa. Erga
isaan balleesse booda lamuu isaan uumun homaa Isarratti hin ulfaatu.
Sababni isaas, “Rabbiin wanta hundaa irratti Danda’aadha.”
1 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 82, Ibn Useymii
42
Jireenyi Lammataa Maaliif Barbaachistee?
Namni xinxallu akkana jechuun of gaafata: Rabbiin maaliif jireenya
lammataatiif namoota kaasaa? Namni kuni suuratu Al-Ankabuut irraa
aayata duraan barate irraa akkana jechuun deebii deebisa: Rabbiin azza
wa jalla karoora uuminsaa keessatti jireenya addunyaa tanaa qormaataaf
qopheesse. Jireenya lammataa immoo qorannoof, murtii dabarsuu fi jazaa
hojii irra oolchuuf qopheessee jira.
Guyyaa Murtii jazaan namoota addunyaa keessatti iddoo qormaataa
kaa’aman keessaa nama badii hojjateef adabbii isaaf maluu adabuu fi nama
waan gaarii hojjate badhaasu waan of keessatti qabateef itti aanse akkana
jedhe:
لب ون ﴿ وإلرهه ت قر ب من يشاء ويررحم من يشاء عذ ه ﴾٢١ي
“Nama fedhe ni adaba, nama fedhe rahmata godhaaf. Garuma Isaatti
deebifamtu.” Suuratu Al-Ankabuut 29:21
Kana jechuun Rabbiin uumamtoota Isaa keessaa nama fedhe sababa inni
yakka hojjateef ni adaba. Ammas isaan keessaa namoota tawbatan,
amananii fi hojii gaarii hojjatan irraa nama fedheef rahmata godha. Guyyaa
Qiyaamaa garuma Isaatti deebifamtu. Ergasii wanta hojjataniin jazaa isiniif
kafala.1 Kanaafu, addunyaa tana keessatti wanta rahmata Isaatti nama
geessu hojjadhaa, wanta adabbii Isaatti nama geessu irraas fagaadhaa.
“Nama fedhe” yommuu jedhu, fedhiin Isaa ogummaan (hikmaan) kan
walitti hidhameedha. Sababni isaas, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa waan
fedheef qofa wanta tokko hin hojjatu. Kana irra, wanta hojjatu hunda
keessatti fedhiin Isaa ogummaan kan walitti hidhameedha. Kuni dhimma
ifa ta’eedha. Namni adabamu wanta adabbiif isa saaxilu hojjachuun isaa
hin hafu. Yeroo kanatti, ogummaan (hikmaan) isa adabu ta’a. Rabbiin
subhaanahu wa ta’aalaa badii tokko malee nama fedhe hin adabu. Sababni
isaas, hikmaa fi rahmanni Isaa kana ni dida.
1 Tafsiir Muyassar-398
43
“Nama fedhe ni adaba” kuni ogummaan (hikmaan) akka walitti hidhamu
dubbanne jirra. Kanaafu, nama adabbiin isaaf malu malee hin adabu.1
Ogummaa (hikmaa) jechuun wanta hundaa bakka isaaf malu kaa’uudha.
Nama adabbiin isaaf malu adabuun, nama rahmanni isaaf maluuf rahmata
gochuun hikmaadha. Kanaafu, adabbiis bakka isaaf malu kaa’e, rahmatas
bakka isaaf malu kaa’e.
Rabbiin Jalaa Miliquu Hin Dandeessan
زهين فه ﴿ عرجه هم نت م برضه ٱوما أ
هن د ونه لسماءه ٱول فه لر م م مهن لله ٱوما لك ير ﴾٢٢وله ول نصه
“Isin dachii keessattis ta’ee samii keessatti [Rabbiin] hin
dadhabsiiftan. Rabbiin alatti isiniif tiiksaa fi gargaaraan hin jiru.” Suuratu Al-Ankabuut 29:22
Dadhabsiisaa jechuun nama tokko waa hojjachuu irraa dadhabaa akka ta'u
kan taasisuudha. Asitti hiikni dadhabsiisuu-jalaa miliquudha. Kanaafu,
hiikni aayah tanaa, isin dachii keessattis ta’ee samii keessatti Rabbiin jalaa
miliquu hin dandeessan. Yoo isin adabu fedhe, isin dhaqqaba. Sababni
isaas, Rabbiin jalaa homtu hin miliqu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni
jedha:
زه لل ٱوما كن ﴿ جه ء فه ۥله عر ته ٱمهن شر ٱول فه لسمو رضه ا ۥإهنه لر يرا ا قده ﴾كن علهيما
“Samiiwwan keessattis ta’ee dachii keessatti wanti Rabbiin
dadhabsiisu (jalaa miliqu) tokkollee hin jiru. Dhugumatti, Inni
Beekaa, Danda’aa ta’eera.” Suuratu Faaxir 35:44
Beeki! Rabbiin azza wa jalla adabbiin nama qabuun Isaa yeroo garii
dhimmoota qaamolee miiraatiin hubatamaniin ta’a. Rabbiin olta’aan
1 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 88, Ibn Useymiin
44
sababoota nuti beeknu fi arginu ni murteessa. Yeroo garii immoo
dhimmoota nuti hin hubanneen ta’a. Sababa nuti hin beeknen alatti
adabbiin Rabbiin irraa namatti dhufa. Fakkeenyaaf, yeroo duula Khandaq
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa bubbee fi loltu nuti hin argine diina
gamtoomanitti erge. Bubbeen tuni okotee isaanii garagalchite, dukkaana
isaanii ni buqqiste. Gamtoominna isaanii ni facaaste. Kanaafu, bubbeen
sababa adabbii nuuf beekkamaa taatedha. Loltuun nuti hin argine immoo
malaaykota. Osoo Rabbiin nutti beeksisuu baate, silaa hin beeknu turre.
Kanaafu, Rabbiin olta’aan takkaa sababoota beekkamoo ijaan mul’ataniin
nama qaba takkaa immoo sababoota dhokatoo ijaan hin mul’anneen nama
qaba.1
“Isin dachii keessattis ta’ee samii keessatti [Rabbiin] hin
dadhabsiiftan.” jechuudhaan bakka itti dheessan irraa abdii isaan
murachiise. Kana jechuun dachii fi samii keessatti bakka itti dheessitanii
Rabbiin jalaa itti miliqxan hin qabdan. Gaaratti dheessun Isa jalaa hin
miliqxan. Goda keessa seenun Isa jalaa miliquu hin dandeessan. Bakka itti
miliqan hundarraa erga abdii isaan murachiisee booda carraaqqi nama
biraatiin adabbii Isaa jalaa bahuu irraa abdii murachisuu itti aanse dubbate2:
“Rabbiin alatti isiniif tiiksaa fi gargaaraan hin jiru.”
Namni yakka hojjate takkaa bakka wayiitti dheessee miliqa takkaa immoo
nama isa tiiksuu fi gargaaru bira deemun koola galtummaa (eeggumsa)
godhata. Namni Rabbiin faallesse, ajaja Isaa didee fi kafare kanniin
lamaanu hin qabu. Bakka Rabbiin jalaa itti dheessuus hin argatu, nama isa
tiiksuu fi adabbii isarraa deebisus hin qabu. Kuni badii hojjachuu fi ajaja
Rabbii faallessu irraa namaaf akeekachiisa ta’a. Yommuu adabbiin Isaa
namoota irratti bu’uu Rabbiin alatti kan isaan eegu fi adabbii isaan irraa
deebisu hin argatan. Kanaafu, Rabbii olta’aa faallessu irraa of eeggachu
barbaachisa.
1 Madda olii fuula 95-96 2 Tafsiir Tahriir wa Tanwiir-20/232-233
45
Kaafironni bakka Rabbiin jalaa itti dheessanii fi nama isaan tiiksuu fi
adabbii isaan irraa deebisu erga hin qabaanne, rahmata Isaa irraa abdii
muratu. Kanaafi, itti aanse ni jedhe:
وا با لهين ٱو ﴿ ههه لله ٱيته كفر هك له ۦ ولهقائ ئ ول
ته وأ وا مهن رحر هس ئهك يئ
ول مر أ
م له ﴾٢٣عذاب أ
“Warroonni aayaata Rabbiitti fi qunnamti Isaatti kafaran, isaan sun
rahmata Kiyya irraa abdii muratan. Isaan sun adabbii laalessaatu
isaaniif jira.” Suuratu Al-Ankabuut 29:23
Kana jechuun namoonni Qur’aanaa fi du’aan booda kaafamutti amanuu
didan, isaan sun Aakhiratti yommuu adabbii cimaa isaaniif qophaa’e argan
rahmata Kiyya irraa abdii muratu. Isaan suni adabbii nama dhukkubsutu
isaaniif jira.1
Asi olitti aayaanni Qur’aanas ta’uu danda’a wantoota Rabbiin samii fi
dachii keessatti uumes ta’uu danda’a. Sababni isaas, aayaata jechuun
mallattoolee gara wanta tokkootti akeekaniidha. Uumamtoonni samii fi
dachii keessa jiran gara jiraachu Khaaliqaa fi sifaata (amaloota) Isaa
akeeku.
“Qunnamti Isaa” -'du'aan booda kaafamutti' jenne kan hiikneef qunnamtin
Rabbii du’aan booda erga kaafamanii waan adeemsifamuufi. Namni du’aan
booda kaafamutti hin amanne, Rabbiin wal qunnamuutti hin amanu.2
Jazaan aayaata Rabbii kijibsiisuu fi du’aan booda kaafamutti amanuu
dhiisuu rahmata Rabbii irraa abdii murachuu fi adabbii laalessaadha. Kana
jechuun sababa isaan Qur’aanatti kafaranii fi du’aan booda kaafamutti
amanuu didaniif rahmata irraa abdii murachu fi adabbii laalessaan isaaniif
male.3 Sababni isaas, namoonni kunniin Qur’aanatti amananii wanta 1 Zaadul Masiir-1080, Tafsiir Xabarii-18/380 2 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 101, Ibn Useymiin 3 Madda olii, Tafsiir Tahriir wa Tanwiir-20/233
46
rahmata Rabbiitti isaan geessu hin hojjanne. Ammas, du’aan booda
kaafamutti amananii shirkii fi badii irraa of hin qabne.
47
Roorroo Ummata Nabii Ibraahim Nabii Ibraahim (aleyh salaam) ummata isaa Rabbii tokkicha akka gabbaranii fi
sanama gabbaruu akka dhiisan affeeraa ture. Kan kana godhuuf faayda
isaaniitiif jedheeti. Garuu deebiin ummanni kuni isaaf deebisee deebii roorroo
ta'eedha.
ن قال وا ۦ فما كن جواب قورمههه ﴿ت ل وه ٱإهل أ ه قر نجى
هق وه فأ ور حر
ٱمهن لل ٱأ لناره
مهن ون م ي ؤر هقور هك لأيت ل ل ﴾٢٤إهن فه ذ
“Deebiin ummata isaas, “Isa ajjeesaa yookiin isa gubaa.” jechuu malee waan
biraa hin turre. Rabbiinis ibidda irraa isa baraare. Dhugumatti, kana keessa
namoota amananiif mallattooletu jira.” Suuratu Al-Ankabuut 29:24
Kana jechuun yommuu Nabii Ibraahim ummata isaatiin, “Rabbiin gabbaraa,
Isa sodaadhaa. Yoo kan beektan taatan santu isiniif caala.” Jedheen, deebiin
ummata sanii, “Isa ajjeesaa yookiin isa gubaa” waliin jechuu malee homaa hin
turre. Isaaniis kana ni hojjatan. Ibiddaan Nabii Ibraahimin gubuu ni barbaadan.
Kanaafu, ibidda guddaa isaaf qabsiisan. Ergasii achi keessatti isa darban. Ergasii
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ibidda kanarraa ni baraare. Akka ibiddi kuni isa
gubu hin taasisne.1 Inumaa qabbanaa fi nageenya godheef. Rabbiin subhaanahu
wa ta’aalaa ni jedha:
إهبررههيم ﴿ ا وسلما عل دا ونه برر ﴾٦٩ق لرنا ينار ك
“Yaa ibidda! Ibraahimin irratti qabbanaa fi nagaa ta’i” jenne.” Suuratu Al-
Anbiyaa 21:69
“Dhugumatti, kana keessa namoota amananiif mallattooletu jira.” kana
jechuun Ibraahimin ibidda irraa baraaru keessa namoota Rabbiitti amananii fi
shari’aa Isaatti hojjataniif mallatoolee fi ragaaleetu jira.2
1 Tafsiir Xabarii-18/381 2Tafsiir Muyassar-399
48
Mee mallattoolee kanniin keessaa muraasaa haa kaasnu:
1ffaa-Ibiddi kuni garmalee guddachuu waliin dhiibbaa isarratti hin geessine.
Namoonni sunniin isa gubuuf qoraan baay’ee walitti qabanii ibidda qabsiisan.
Garuu yommuu Ibraahimin keessatti darban homaa isa hin goone.
2ffaa-Ibidda guddaa kanarraa baraarun dandeetti Rabbii, kabaja Ergamaa Isaa,
waadaa Isaa dhugaa gochuu fi diinota Isaa salphisuu agarsiisa. Akkasumas,
uumamtoonni hundi Rabbiif kan ajajamanii fi bulan agarsiisa. Ibiddi kuni ajaja
Isaatin qabbanaa fi nageenya ta’e.
3ffaa- shira namoota waan badaa isatti yaadanii jalaa fashaleessu.
4ffaa-obsaa fi danda’uu Nabii Ibraahim. Sababni isaas, dhimma akkanaa kana
namoota akka Nabii Ibraahim (aleyh salaam) ta’an malee eenyulle irratti hin
gootomu.
Garuu mallatoolee kanniinitti kan fayyadamu fi hubatu namoota amananiidha.
Namoonni hin amanne homaa itti hin fayyadaman.1
ت مٱوقال إهنما ﴿ هن د ونه تذر مر فه لله ٱم ا مودة بيرنهك ثنا ورةه ٱأ يو ل ٱ لر يا ث م نر
م لرقهيمةه ٱيورم ك وىرا ومأ م بعرضا ك هبعرض ويلرعن بعرض م ب ك ر بعرض ف يكر
هين لنار ٱ صه هن ن م م ﴾٢٥وما لك
“Ni jedhe, “Rabbii gadiitti sanamoota [gabbaramoo] kan godhattaniif
jireenya addunyaa keessatti jidduu keessanitti wal jaallachuuf qofa. Ergasii
Guyyaa Qiyaamaa gariin keessan garii morma, gariin keessan garii abaara.
Itti galli keessan ibidda, gargaartonni homaatu isiniif hin jiran.” Suuratu Al-
Ankabuut 29:25
Ni jedhe, “Rabbii gadiitti sanamoota [gabbaramoo] kan godhattaniif
jireenya addunyaa keessatti jidduu keessanitti wal jaallachuuf qofa.” Kana
jechuun Nabii Ibraahim ummata isaatiin akkana jedhe, “sanamoota kanniin
gabbaramtoota kan godhattaniif, hariiroon jaalalaa, wal qunnamuu fi isaan biratti
1 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 110-111, Ibn Useymiin, Tafsiir Tahriir wa
Tanwiir-20/235
49
wal gahuun akka itti fufufi. Isin [siidaaleen] kunniin homaa akka hin fayyannee
fi hin miine ni beektu.”1
Kuni hariiroo sabummaa fi biyyummaa irratti ijaarrameen wal fakkaata.
Namoonni sabaan tokko ta’an, sabummaa irratti hundaa’anii wal jaallatu.
Namoonni biyyaan tokko ta’aniis biyyummaa irratti hundaa’anii wal jaallatu.
Namoonni amanti tokko qabaniis amantii san irratti hundaa’ani wal jaallatu. Tarii
amantiin kuni amanti sobaa ta’uu danda’a. Haaluma kanaan, ummanni sanama
gabbaraniis hariiroon isaan tokkoomsu fi wal jaallachiisu sanama gabbaruudha.
Nabii Ibraahimis (aleyh salaam) kana hubachuun ummata isaatiin akkana jedhe:
“Walitti dhufeenyaa fi jaalala keessan Rabbii olta’aa gabbaruu irratti ijaaru
dhiistanii sanama gabbaruu irratti ijaartan. Garuu wal jaallachuun keessan kuni
jireenya addunyaa tana qofa keessatti ta’a. "Ergasii Guyyaa Qiyaamaa gariin
keessan garii morma, gariin keessan garii abaara. Itti galli keessan ibidda,
gargaartonni homaatu isiniif hin jiran.” Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa
gariin keessan kan biraa irraa qulqullaa’a, wanta isin jidduu ture wal waakkattu.
Gariin keessan garii abaara. Hordofaan hogganaa abaara. Gahuumsi dhumaa
keessanis ibidda. Gargaaraan isin gargaaru hin jiru, baraaraan adabbii (azaaba)
Rabbii irraa isin baraaru hin jiru. Kuni haala kaafirootati. Haalli mu’mintoota
faallaa kanaati.2
إهنه ۥامن ل ۞ف ﴿ ه ر إهل رب هاجه و ۥل وط وقال إهن ه م كهيم ٱ لرعزهيز ٱه ﴾٢٦لر
“Luuxis isaaf ni amane. Innis, 'Dhugumatti, ani gara Gooftaa kiyyaatti
godaanaadha. Dhugumatti, Inni Injifataa, Ogeessa.' jedhe." Suuratu Al-
Ankabuut 29:26
Luux ilma obboleessa Ibraahim ture. Luux Ibraahimin dhugoomse isa hordofe.
Nabii Ibraahimis ummata isaa gara tawhiidaatti waamun bu’aa buusaa akka hin
jirre yommuu argu, “dhugumatti ani gara Gooftaa kiyyaatti godaana.” jedhe.
Kana jechuun biyya badiin itti hojjatamu dhiisee biyya Rabbiin qofti itti
gabbaramutti godaana.3 Biyyi tunis Shaami (Filisxeemi fi naannawa ishii).
1 Zaadul Masiir-1081 2 Tafsiir Ibn Kasiir-6/55 3 Tafsiir Sa’dii-738, Tafsiir Tahriir wa tanwiir-20/238
50
هيتههه ۥووهبرنا ل ﴿ وب وجعلرنا فه ذ ر ق حق ويعر وءاتيرنه لركهتب ٱو لنب وة ٱإهسرره جر
ٱفه ۥأ يا نر رةه ٱفه ۥوإنه ل ي ٱلمهن لأخه لهحه ﴾٢٧لص
“Is’haaqi fi Ya’aquubinis isaaf kennine. Sanyii isaa keessatti nabiyyummaa
fi kitaaba goone. Addunyaa keessatti mindaa isaa isaaf kennine.
Dhugumatti, inni Aakhirattis saalihoota irraayyi.” Suuratu Al-Ankabuut
29:27
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Nabii Ibraahim qormaata guddaa erga darbee fi
gara Shaam erga godaane booda, akka ilmaatti Is’haaqin kenneef. Ilma ilmaa kan
ta’e Ya’aquubinis isaaf kenne. Ya’aquub ilma Is’haaqi. Akkuma beekkamu
abbaan ilma ilma isaa akka ilmoo ofiitti ilaala.
“Sanyii isaa keessatti nabiyyummaa fi kitaaba goone.” Nabii Ibraahimin
booda nabiyyiin tokkooyyu hin dhufne sanyii isaatirraa yoo ta’e malee. Kitaabni
sanyii isaa irratti malee hin buune.1 Nabii Ibraahimin booda Ismaa’il irraa
jalqabee hanga Iisaa fi Muhammadin (SAW) gahutti nabiyyonni hundii sanyii
isaa irraa turan. Kitaabban akka Tawraat, Zabuur, Injiili fi Qur’aanaa sanyii isaa
irratti buufaman. Kuni tola Rabbiiti. Inni nama fedheef tola Isaa kenna.
Dhugumatti, Inni beekaadha, Ogeessa (Hakiim).
“Addunyaa keessatti mindaa isaa isaaf kennine. Dhugumatti, inni
Aakhirattis saalihoota irraayyi.” Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa mindaa lama
walitti isaaf qabe: mindaa addunyaa: kunis diinota isaa irratti injifannoo isaaf
kennu, maqaa gaariin dhaloota hunda keessatti kaafamu, ilmaan isaatti
gammaduu fi isaan (ilmaan isaa) baay’achuu, rizqii gaarii fi kanneen biroo.
Mindaa Aakhirah: kunis garee saalihotaa keessaa ta’uudha.
Saalihoonni namoota gaggaarii sadarkaa ol’aanaa qabaniidha. Asitti wanti
barbaadame gosoota saalihota ol’aanoo ta’aniidha. Isaanis nabiyyoota fi
Ergamtoota.2
1 Tafsiir Sa’dii-739 2 Tafsiir Tahriir wa Tanwiir-20/239, Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula
132, Ibn Useymiin
51
Faayda Aayah tana irraa argatan: 1ffaa-Sanyiin Rabbiin namaaf kennu kennaa Rabbii olta’aa irraayyi: “Isaaf
kennine” waan jedhuuf. Garuu yoo namni isaan keessatti haqa Rabbii gate
kennaan kuni tarii qormaata ta’uu danda’a. Yoo isaan barsiisee fi qajeelche
immoo mindaa irratti argata. Yeroo baay’ee namni ilmaan isaa guddisuu fi
barsisuu keessatti wanta Rabbiin dirqama godhe yoo hojjate, ilmaan isaa kuni ni
fooyya’u.
2ffaa-Namni mindaan (ajriin) isaa addunyaa keessatti isaaf ariifatamu danda’a.
Jecha Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa kanaaf: “Addunyaa keessatti mindaa isaa
isaaf kennine.”
Mu’minaaf mindaa isaa addunyaa keessatti isaaf ariifachiisuun mindaa Aakhiraa
akka dhabuutti hin lakkaawamu. Kanaafi akkana jedhe, “Dhugumatti, inni
Aakhirattis saalihoota irraayyi.”
Faayda kanarratti dabalatee, addunyaa keessatti mindaa mu’minaaf ariifachiisuun
qananii Rabbiin irraa gabrichaaf ta’eedha. Sababni isaas, namni kuni bu’aa hojii
gaarii isaa arguun hojii gaarii hojjachu irratti kakka’uumsa horata. Bu’aan kuni
wantoota alaa irratti yookiin nafsee namaa keessattis ta’uu danda’a.
Mindaa hojii gaggaarii irraa fakkeenyi kanaa: namni gammachuu, ifaa fi hojii
gaariitti boqachuu qalbii isaa keessatti argachuudha. Kuni shakkii hin qabu
mindaa ariifataa irraayyi. Fakkeenyi wantoota alaa immoo abjuun gaariin nama
gammachiistu isaaf mul’achuudha.1 Kanaafu, hojii gaggaarii ikhlaasan
hojjachuun mindaa addunyaa fi Aakhirah argachuuf sababa guddaa ta’a.
Namni Rabbii olta'aaf ajajamu mindaan guddaan addunyaa keessatti
argatu: gammachuu fi tasgabbii qalbiiti. Aakhiratti immoo Jannata.
1 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 132-134, Ibn Useymiin
52
Luuxi fi Ummata Isaa
Akkuma beekkamu ummanni Luux ummata addunyaa keessatti yeroo jalqabaatif wanta
fokkuu eenyullee isaan dura hin hojjanne hojjatan. Nabii Luux (aleyh salaam) hojii
fokkuu kanarraa isaan deebisuuf isaan gorse. Mee gorsa isaatii fi deebii ummanni isaaf
kenne haa ilaallu.
ت ون ۦول وطا إهذر قال لهقورمههه ﴿رمر لأ شة ٱإهنك هن لرفحه حد م
هها مهنر أ م ب ما سبقك
ت ون ٢٨لرعلمهي ٱرمر لأ هنك ئ
هجال ٱأ طع ون لر م لسبهيل ٱوتقر ت ون فه نادهيك
ر ٱوتأ نكر رم ل
ن قال وا إهل ۦ فما كن جواب قورمههه هناٱ أ هعذابه ئرت نت مهن لله ٱب قهي ٱإهن ك ده ﴾٢٩لص
“Luuxinis yommuu ummata isaatiin, “Dhugumatti, isin gocha fokkuu
aalama irraa eenyullee ittiin isin hin dursine hojjattu” jedhe [yaadadhu].”
Sila isin [fedhii foonii guuttachuuf] dhiiratti dhuftuu, karaa ni kuttuu, iddoo
wal gahii keessan keessatti gochoota jibbamoo raawwattuu?! Deebiin
ummata isaas, “Warra dhugaa dubbatan irraa yoo taate, adabbii Rabbiitiin
nutti koottu” jechuu malee homaa hin turre.” Suuratu Al-Ankabuut 29:28-29
Kana jechuun Luuxin yaadadhu yommuu ummata isaatiin akkana jedhe:
“dhugumatti isin hojii garmalee fokkuu ilmaan namaa keessaa namni tokkollee
isin dursee hin hojjanne hojjattu.” Hojiin fokkuun kunis fedhii foonii guuttachuuf
gara taa’aatin dhiiraan wal qunnamuudha. Dubartii dhiisanii dhiira wajjiin wal
qunnamti saalaa raawwatu. Dhugumatti kuni hojii hundarra fokkuu ta’eedha.
“aalama irraa eenyullee ittiin isin hin dursine hojjattu.” Kana jechuun ilmaan
namaa keessaa hojii eenyullee isin dura hin hojjanne hojjattu. Ummata Luux dura
namni hojii fokkuu kana hojjate hin jiru. Ummanni Luux hojii fokkuu kanarratti
dabalatee, karaa ni kutu. Kana jechuun namoota karaa irra deeman qabeenya
isaanii jalaa saamuun yookiin nafsee isaanii ajjeessun ykn hojii fokkuu irratti
isaan dirqisiisuun karaa irra akka hin deemne dhoowwu. Ummanni Luux namoota
karaa deeman irraa nama fedhan qabuuf karaa irra taa’aa turan.
Iddoo wal gahii isaanitti gochoota jibbamoo raawwachuun immoo: kan akka
namootatti qoosu, isaan arrabsuu, hojii fokkuu raawwatan haasawu, hojii fi dubbii
fokkuu biroo hojjachuudha.1 Kuni amala warra badii hojjataniiti. Bakka wal gahii
1 Tahriir wa tanwiir-20/240, Tafsiir Muyassar-399
53
isaanitti wanti isaan hojjatanii fi dubbatan wanta gadheedha. Amala gaarii fi
amantiif gatii tokkollee hin kennan.
Kana keessa, namoonni wanta Rabbii fi Ergamaan Isaa dhoowwe hojjachuuf ykn
dubbachuuf walitti qabamuun akka hin hayyamamne beeksisatu jira.
“Deebiin ummata isaas, “Warra dhugaa dubbatan irraa yoo taate, adabbii
Rabbiitiin nutti koottu” jechuu malee homaa hin turre.” Kana jechuun
yommuu Luux hojii fokkuu Rabbiin dhoowwe irraa isaan dhoowwu fi
adabbiidhaan isaan akeekachiisu, deebiin ummanni isaa isaaf kennan, “warra
dhugaa dubbatan keessaa yoo taate, adabbii Rabbii waadaa nuuf seente fidi.”
jechuu malee homaa hin turre.1
ه ﴿ نه ٱقال رب ر ين ٱ لرقورمه ٱعل نص ده سه فر رم ﴾٣٠ل
“[Luuxis] ni jedhe, “Gooftaa kiyya! Ummatta balleessitoota ta’an irratti na
gargaari.” Suuratu Al-Ankabuut 29:30
Luux fooyya’insa ummata isaa irraa abdii erga kutee booda Rabbiin irraa
gargaarsa isaan irratti kadhate. Gargaarsi inni barbaade kuni ergaan Rabbii inni
isaanitti geesse dhugaa ta’uu isaanitti agarsiisuuf namoota isa kijibsiisan
adabuudha.
Mufsidoota (balleessitoota) jechuun isaan ibse. Sababni isaas, ummanni suni hojii
fokkuu isaaniitiin of balleessu. Gocha fokkuutti geessuun namootas balleessu.2
Balleessan ummanni kuni raawwatan isaan adabuu fi dachii irraa isaan xuruuruu
waan barbaachisuuf Rabbiinis kadhaa (du’aayi) Luuxif deebii deebise.
ه ﴿ ل نا إهبررههيم ب ى ٱولما جاءتر ر س ه لرب شر ه له هذه هروا أ لهك هر يةه ٱقال وا إهنا م لرقرر
لها كن وا ظلهمهي هر ﴾٣١إهن أ
1 Tafsiir Xabarii-18/393 2 Tahriir wa tanwiir-20/241
54
“Yommuu Ergamtoonni keenya oduu gammachiisaan Ibraahimitti dhufan,
“Dhugumatti, nuti namoota magaalaa tanaa ni balleessina, namoonni ishii
zaalimoota waan turaniif.” jedhan.” Suuratu Al-Ankabuut 29:31
Yommuu Nabii Luux Rabbii olta’aa gargaarsifatu, gargaarsa isaatiif Rabbiin
malaaykota erge. Malaykoonni kunniinis haala keessumaatin Nabii Ibraahimitti
goranii irra darban. Innis wanta keessumaaf malu isaaniif fide. Yommuu
malaaykonni nyaatatti haajaa akka hin qabne argu, sodaan Ibraahimitti
dhagahame. Malaykoonnis isa booharsuu fi niitii isaa Saarah irraa ilmi gaariin
akka dhalatu gammachisuun jalqaban. Niitiin isaas kana yommuu dhageessu ni
dinqiisifatte.1 Sababni isaas, ishiin dubartii maseenaa fi dulloomtedha.
"Akkamitti ani dulloomtu fi maseena ta’ee osoo jiru ilma argadhaa?" jechuun
dinqisiifatte.
Kanaafu, aayah tana keessatti oduun gammachiisaan Ibraahim ilma akka argatu
gammachiisudha. Ilmi kunis Is’haaq. Ergasii Is’haaqin booda Ya’quub.
Malaaykonni erga ilmaan isa gammachiisanii booda, Ibraahim, “Yaa
Ergamtoota! Kaayyoo maalitiif dhuftan?” jechuun isaan gaafate. Isaaniis ummata
Luux balleessuuf akka dhufan itti beeksisan: “Dhugumatti, nuti namoota
magaalaa tanaa ni balleessina, namoonni ishii zaalimoota waan turaniif.”
jedhan. Kana jechuun dhugumatti jiraattota magaalaa Sodoom ni balleessina.
Magaalaan Sodoom magaalaa ummata Luuxi. Sababni isaan balleessinuuf, isaan
Rabbiin faallessuu fi Ergamaa isaanii kijibsiisuun nafsee ofii waan miidhaa
turaniif.2
Ibraahimis oduu kana yommuu dhagayu, yeroon isaaniif kennamee tarii akka
Rabbiin isaan qajeelchuuf ummata kanaaf dubbachuu jalqabe. Garuu akka badan
Rabbiin olta’aan dursee murteesse jira. Murtii Isaa eenyullee hin deebisu.
Malaaykonnis “Ummata magaalatti tanaa balleessuf dhufne” jechuun yommuu
isatti beeksiisan, Ibraahimis:
1 Tafsiir Ibn Kasiir-6/60 2Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/255, Tafsiir Xabarii-18/393
55
ينه ﴿ ه لن نج همن فهيها لم ب عرا قال وا نرن أ له ۥقال إهن فهيها ل وطا هر
ته ٱإهل ۥوأ
رأ ۥمر
هين ٱكنتر مهن ﴾٣٢لرغبه
Ni jedhe, “Achi keessa Luuxitu jira.” Isaaniis ni jedhan, “Nuti nama achi
keessa jiru akkaan beekna. Haadha manaa isaa warra duubatti hafan
keessaa taate malee isaa fi maatii isaa ni baraarra.” Suuratu Al-Ankabuut
29:32
Ibraahim malaaykotaan akkana jedhe, “Magaalaa san keessa Nabii Luuxitu jira.
Inni zaalimoota irraayyi miti.” Malaykoonnis ni jedhan, “Nuti nama achi keessa
jiru caalatti beekna. Haadha manaa isaa malee isaa fi maatii isaa adabbii jiraattota
magaalaa irratti bu’uu jalaa nagaha baasna. Haati manaa isaa namoota duubatti
hafanii badan keessaa taate jirti. Ishiin isaan waliin tan badduudha."
وقال وا ل تفر ول ﴿ هههمر ذررعا هههمر وضاق ب ء ب ا سه ل نا ل وطا ن جاءتر ر س ولما أ
لك إهل هروك وأ نج تك ٱترزنر إهنا م
رأ هين ٱكنتر مهن مر ٣٣لرغبه نزهل ون عل إهنا م
ه ه له هذه هريةه ٱأ ه لرقرر ا م زا ون لسماءه ٱن رهجر ق س هما كن وا يفر ﴾٣٤ب
“Yommuu Ergamtoonni Keenya Luuxitti dhufan, sababa isaaniitiin ni
yaadda’e, qomni isaas ni dhiphatte. Isaaniis ni jedhan, “Hin sodaatin, hin
gaddin. Haadha manaa tee warra duubatti hafan keessaa taate malee sii fi
maatii kee ni baraarra. Dhugumatti, nuti namoota magaalatti tanaa irratti
sababa isaan fincilaa turaniif samii irraa adabbii ni buusna.” Suuratu Al-
Ankabuut 29:33-34
Yommuu Malaaykonni Luuxitti dhufan, dhufaatin isaanii kuni garmalee isa
yaachise. Sababni isaas, karaa deemtota keessumummaa waan isatti dhufan waan
se’eef ummanni isaa hojii fokkuu isaan irratti raawwatu jedhee garmalee
yaaddawe. Keessumaayyuu, malaaykonni kunniin suuraa dargaggoota
babbareedootiin isatti dhufan. Ummanni isaa ummata gadhee waan ta’aniif hojii
fokkuu isaan irratti hojjatan jedhee ni gadde, qomni isaa ni dhiphatte. Ergasii
malaaykonni akkana jechuun Luuxin tasgabbeessan: Nuuf hin sodaatin, ummanni
56
kee nu bira hin gahan. Oduu isaan baallessu sitti beeksisneefis hin gaddin. Haadha
manaa tee malee sii fi maatii kee adabbii isaanitti bu’u jalaa nagaha baasna.
Dhugumatti ishiin ummata kee keessaa warra badan waliin baddi.1 Sababni isaas,
haati manaa isaa amanti ummata ishiitirratti tan haftee fi isaan waliin Luuxitti
shira baasaa turte. Yommuu keessummaan Luuxitti dhuftu, eenyu akka isatti
dhufe akeekkaa irratti wali galaniin isaanitti beeksisti.2 Kanaafu, yommuu
adabbiin dhufu isaan waliin tan baddu taate.
Kuni kan agarsiisu namni badii irratti nama gargaaru yommuu adabbiin bu’u
nama badii hojjatu kana waliin bada.
“Dhugumatti, nuti namoota magaalatti tanaa irratti sababa isaan fincilaa
turaniif samii irraa adabbii ni buusna.” Kana jechuun jiraattota magaalaatti
tanaa (Sodoom) sababa isaan Rabbiin faallessanii fi hojii fokkuutti lixaniif ajaja
Rabbiitiin samii irraa adabbii isaanitti buusna. Finciluu (fisq) jechuun ajaja
keessaa bahuu ykn ajajamu diduudha. Ni jedhama: “fasaqati samaratu” kana
jechuun firiin qoola ishii keessaa baate. Akkuma beekkamu firiin jiitun qoola ishii
keessaa yoo baate hatamtamaan shamiinsaaf saaxilamti.3 Haaluma kanaan, namni
ajaja Rabbii keessaa bahus badiinsaaf of saaxila.
قهل ون ﴿ م يعر هقور هنةا ل نا مهنرها ءاية بي ﴾٣٥ولقد تركر
“Dhugumatti, ishii irraa namoota hubataniif mallattoo ifa taate dhiisne
jirra.” Suuratu Al-Ankabuut 29:35
Kana jechuun dhugumatti, iddoo jireenya ummata Luux irraa, namoota barnoota
hubatanii fi itti fayyadamaniif hanbaa ifa ta’ee hanbisnee jirra. Hanbaan ykn
mallattoon kuni “Galaana Du’aa (Dead Sea)” Filisxeem fi Jordaan jidduutti
argamuudha. Bakka kanatti hafteen adabbii ni mul’ata. Ummanni Luux adabbii
cimaan akka badan iddoo kanatti ni mul'ata.
Akka lugaatti aqliin hiika lama qaba: 1ffaa-waa hubachuu, 2ffaan immoo nafsee
ofii waan badaa irraa qabuu fi too’achuudha.4 Kanaafu, aaqilli dhugaan nama waa
1 Tafsiir Muyassar-400 2 Tafsiir Ibn Kasiir-4/60 3 Tafsiir Muyassar-400, Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/257, Tafsiir
Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 172, Ibn Useymiin 4 Maddoota olii
57
hubatuu fi nafsee ofii waan badaa irraa qabuudha. Namoonni aqlii qaban haftee
kana yommuu ilaalan ummanni kuni akka baduuf wanta sababa ta’e ni hubatu.
Innis, Rabbiin faallessuu fi Ergamtoota kijibsiisuudha. Ergasii, Rabbiin
faallessuu fi Ergamtoota kijibsiisu irraa of qusatu.
Guduunfaa
Dhiirri dhiira biraa wajjiin qunnamti saalaa raawwachuun hojii
garmalee fokkuu adabbii fi dallansuu Rabbii namatti fiduudha.
Namni aaqilli namoota adabbiif ykn kufaatiif saaxilaman irraa
barnoota fudhachuun hojii isaan hojjatan hojjachuu irraa
nama of qabuudha.
58
Shu’ayb fi Ummata Isaa
Kutaa darbe keessatti Nabii Luuxi fi ummata isaa ilaalle jirra. Kutaa kana
keessatti immoo Nabii Shu'aybi fi ummata isaa ilaalla.
ا فقال يقورمه ﴿ عيربا مر ش خاه ين أ ٱوإل مدر وا ب د ٱو لل ٱ عر وا ورم ٱ ررج ر ٱ لر لأخه
ا فه ثور رضه ٱول تعر سه لر فر ين م م ٣٦ده خذتره
فة ٱفكذب وه فأ وا فه لرجر بح صر
فأ
﴾٣٧دارهههمر جثهمهي
“Gara Madiyanittis obboleessa isaanii Shu’aybin [ergine]. Innis, “Yaa
ummata koo! Rabbiin gabbaraa, Guyyaa Aakhiraas abdadhaa,
balleessitoota taatanii dachii keessa badii hin tamsaasinaa.” jedheen. Isaanis
isa kijibsiisan. kanaafu, kirkirri lafaa isaan qabatte. Isaanis ganda isaanii
keessatti jilbiifatuun dhumanii bariisifatan. ” Suuratu Al-Ankabuut 29:36-37
Kana jechuun gara ummata Madiyanitti obboleessa isaanii Shu’aybin ergine.
Innis akkana isaaniin jedhe, “Rabbiin qofa gabbara, Isaaf ajajamuun Isaaf gadi
jedhaa. Isa gabbaruu keessaniin mindaa Guyyaa Aakhiraa abdadhaa. Guyyaan
kuni Guyyaa Qiyaamati. Dachii keessatti badii hin baay’isinaa, hojjachuu itti hin
fufinaa. Garuu gara Rabbii tawbadhaa, deebi’aa.1
Rajaa’a (abdachuu) jechuun wanta tokko eegu fi gara fuunduraatti akka argamu
amanuudha.2 Akka lugaatti rajaa’an hiika sodaafis itti fayyadamu. Kanaafi, hiika
Qur’aana lugaalee biraatin yoo ilaalle “sodaadhaa” jechuun hiikan. Hikni kunis
hiika jalqabaa hin faallessu. Sababni isaas, namni Guyyaa Aakhiraatti amanu
mindaa Guyyaa sanii ni abdata, adabbiis ni sodaata. Kanaafu, asitti Shu’aybi
ummata isaatiin, “mindaa Guyyaa Aakhirah abdadhaa, adabbiis sodaadhaa”
jechaani jira.3 Mindaa Aakhiraa abdachuun Rabbiin gabbaraa, adabbii isaas
sodaachuun dachii keessatti badii baay'isuu irraa of qusadhaa.
1 Xabarii-18/397 2 Tahriir wa tanwiir-20/247 3 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 181, Ibn Useymiin
59
“Isaanis isa kijibsiisan.” Kana jechuun ummanni Madiyan Shu’aybi Nabiyyi fi
Ergamaa Rabbii gara isaanitti ergame ta’uu ni kijibsiisan, ergaa amanti isaanitti
fidee fi adabbii Rabbii isaan akeekachise keessatti isa kijibsiisan. Ummanni kuni
Shu’ayb Ergamaa Rabbii akka ta’e itti hin amanne. Ergaa amantii fi akeekachisa
inni isaanitti beeksise akka sobaatti ilaalan. Kanaafu sababa kanaan, kirkirri lafaa
isaan qabatte. Kana jechuun gara hundaan lafti isaaniin sochoote. “Isaanis ganda
isaanii keessatti jilbiifatuun dhumanii bariisifatan.” Kana jechuun jilbaa fi
fuula isaanitiin lafatti maxxanuun du’anii bariisifatan.1
Mindaa Guyyaa Aakhiraa (Qiyaamaa) abdachun hojii gaarii
hojjachuun ykn adabbii isaa sodaachun hojii badaa irraa
fagaachun mallattoo milkaa'innaati.
Aadi fi Samuud
م ﴿ وزين له هن مسكهنهههمر م م ودا وقد تبي لك ا وثم مر لشيرطن ٱوعدا مله عرأ
مر عنه هين لسبهيله ٱفصده تبرصه سر ﴾٣٨وكن وا م
“Aadi fi Samuudinis [ni balleessine]. Iddoo jireenya isaanii irraa isiniif ifa
ta’ee jira. Sheyxaanni hojiiwwan isaanii isaaniif miidhagse. Kanaafu, karaa
irraa isaan dhoowwe, isaan kan argan turan.” Suuratu Al-Ankabuut 29:38
Aad ummata iddoo Ahqaaf jedhamu jiraachaa turaniidha. Samuud immoo iddoo
Hijr jedhamu jiraachaa turan. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa sababa kufrii fi
badii isaaniitiin isaan balleesse. “Iddoo jireenya isaanii irraa isiniif ifa ta’ee
jira.” kana jechuun iddoo jireenya Adi fi Samuud irraa badiinsi isaanii isiniif ifa
ta’ee jira. Araboonni iddoo jireenya ummanni kuni keessatti bade sirritti beeku.
Daldalaaf karaa sanirra darbu.
“Sheyxaanni hojiiwwan isaanii isaaniif miidhagse.” Kana jechuun sheyxaanni
hojii fokkuu isaanii isaaniif bareechise, hasaasa isaatiin gaarii akka ta’e isaanitti
fakkeesse.2 Hojiin fokkuun kuni Rabbiin ala wanta biraa gabbaruu, Ergamaa Isaa
1 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/260 2 Tafsiir Tahriir wa Tanwiir-20/249
60
kijibsiisuu, namoota irratti daangaa dabruu fi kanneen birooti. Sheyxaanni
hojiwwan kanniin isaaniif bareechisuun karaa haqaa irraa isaan
dhoowwe. Karaan haqaa kunis karaa Rabbiiti. Karaan haqaa ykn qajeelaan karaa
Rabbii kan jedhameef karaa tokkicha Rabbitti nama geessudha. Akkasumas,
karaa kana gabrootaaf kan kaa’e Rabbii olta'aadha.1
“isaan kan argan turan.” Kana jechuun warra sammuu wanta gaarii ta’e, wanta
sharrii ta’e, wanta haqa ta’e, wanta soba ta’e beektu qabaniidha. Jecha biraatin,
gaari fi badaa, haqaa fi soba addaan baasanii beeku. Wanta Ergamtoonni Gooftaa
isaanii itti waaman kan wallaalan hin turre.2
Namoonni kunniin sammuu fi beekumsa ni qabuu turan. Garuu isaan of tuultota
turan. Wanta sheyxaana ofirraa ittiin ittisan Rabbiin isaaniif kennu waliin karaa
Rabbii irraa ni deebi’an. Sababa sheyxaanni hojii fokkuu isaaniif bareechiseef ni
moo’ataman.3
Kanarraa barnoota baay’ee fudhachuun ni danda’ama:
1ffaa-Namni hojii ummata Aadi fi Samuud hojjachuu itti fufee fi
tawbachu dide adabbii cimaatu isa qunnama. Hojiin isaanii kunis kufrii,
shirkii, Ergamtoota kijibsiisu fi kkf.
2ffaa-Sheyxaanni hojii namaaf miidhagsuun karaa qajeelaa irraa nama deebisu
danda’a. Namni yommuu sheyxaanni hojii isaa isaaf bareechisu wanti inni irra
jiru wanta Ergamtoonni fidan akka caalutti ilaala. Sababa kanaan, karaa qajeela
hordofuu dida. Fakkeenyaaf, warri saayinsitti bulla jedhan, saayinsin dhibbaan
dhibbatti haqa akka ta’etti yaadun Islaama hordofuu irraa of tuulu. Kuni
sheyxaanni hojii isaanii isaaniif bareechisuudha. Dhimmoota meeqaa meeqa
saayinsin kaleessa haqa jechuun odeesse har’a soba akka ta’e mirkaneessaa.
3ffaa-Namni beekumsa osoo qabaatellee sheyxaanni hojii fokkuu yoo isaaf
bareechise karaa haqaa irraa jallachu danda’a.
“Namni tokko akkana jechuun gaafachu danda’a: “Sheyxaanni hojii namaaf
miidhagsu qajeelfamni bu’uuraa ittiin beekan maalidhaa? Ani hojii tokko
1 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 192, Ibn Useymiin 2 Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/262, Tafsiir Qurxubii-16/362 3 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 193, Ibn Useymiin
61
hojjachuu nan fedha. Ergasii nafsee tiyya keessatti natti miidhaguun hojjadha.
Garuu kuni sheyxaanni natti miidhagsu ykn qajeelcha Rabbii irraa ta’uu hin
beeku.”
Deebiin: qajeelfamni bu’uuraa kana addaan baasan: hojiin faallaa shari’aa Rabbii
yoo ta’e, suni sheyxaanni namaaf bareechisu irraayyi. Shari’aa Rabbiitiin kan
walitti galu yoo ta’e immoo qajeelcha Rabbii irraayyi. Sheyxaanni namaaf
bareechisu irraa miti.”1
1 Madda olii-fuula 193-194
62
Moottota Abbaa Irree fi daangaa darbitoota balleessuu
Sababni guddaan namoonni Rabbii olta'aaf ajajamu itti didanii fi daangaa itti
darban maalidhaa? Akkasumas, sababni isaan adabbii Rabbiitiif itti saaxilaman
maalidhaa? Gaafilee kanniiniif deebii gahaa argachuun nutis akka adabbii fi
dararaaf hin saaxilamne nu gargaara. Deebii isaa mee haa qorannu.
ه ﴿ وس ب م م ن وهمن ولقدر جاءه ون وفهررعور ر هنته ٱوق ي ٱف لر وا ب تكر فه سررضه ٱ
﴾٣٩وما كن وا سبهقهي لر
“Qaaruun, Fira’awna fi Haamaanis [balleessinee jirra]. Dhugumatti,
Muusaan ragaalee ifaatiin isaanitti dhufee jira, isaan dachii keessatti of
tuulan. Isaan kan miliqan hin turre.” Suuratu Al-Ankabuut 29:39
Qaaruun namticha dureessa ilmaan (bani) Israa’il irraa ta’eedha. Garuu akkuma
Rabbiin azza wa jalla jedhe, isaan irratti daangaa darbe. Hanga furtuun (qulfiin)
kuusaa qabeenya isaa garee namoota jajjaboo irratti ulfaatutti Rabbiin qabeenya
baay’ee isaaf kenne. Kanaafi, Nabii Muusaatti hin amanne. Qabeenya isaatiin ni
gowwoome. Rabbiin kanarraa nu haa tiiksu. Qaarun Gooftaa isaattis hin amanne.
Fira’awni akkuma beekkamu mootii Misir (Ijibtiiti). Haamaan immoo waziira
(ministeera) Fira’awnaati.
Nabii Muusaan ragaalee ifaatiin namoota kanniinitti dhufe. Ragaaleen kunniin
mu’ijizaa (raajii) sagal isaaf kennameedha. Kan akka uleen gara bofaatti jijjiramu,
harka yommuu bobaa keessa seensisee gadi baasu, adii ta’ee bahuu fi kanneen
biroo.1
“isaan dachii keessatti of tuulan” kana jechuun Qaaruun, Fira’awna fi Haamaan
ragaalee ifaa kanniin dhugoomsu fi Nabii Muusaa aleyh salaam hordofuu irraa
garmalee of tuulan.2 Akkasumas, gabroota Rabbii irrattis of tuuluun isaan gadi
xiqqeessan.
1 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 195, Ibn Useymiin 2 Tafsiiru Xabarii-18/400
63
“Isaan kan miliqan hin turre.” Kana jechuun isaan Rabbiin jalaa kan miliqan
hin turre. Kana irra, Isaaf harka kennan.1 Fira’awni yommuu adabbiin isatti bu’u
akkana jedhe: “Dhugumatti Kan ilmaan israa’iil itti amanan malee haqaan
gabbaramaan biraa akka hin jirre amaneera. Ani Musliimota
irraayi”(Suuratu Yuunus 10:90) (Muslimoota jechuun namoota Rabbiif harka
kennanii fi ajajamaniidha.)
Qaarun, Fira’awna fi Haamaan nafsee ofii keessatti garmalee waan of tuulaniif
eenyullee akka isaan hin dhaqqabnetti yaadan. Garuu yommuu adabbiin Rabbii
isaanitti dhufu of tuuluun isaanii homaa isaan hin fayyanne. Adabbii Rabbii jalaa
miliquu hin dandeenye.
Barnoota Aayah tana irraa argatan keessaa: 1ffaa-Sababni daangaa darbuu fi of tuuluu takkaa qabeenya ta’uu danda’a
takkaa immoo sadarkaa fi aangoo ta’uu danda’a. Qaaruun sababni daangaa
darbuu isaa qabeenya. Fira’awnaa fi Haamaan immoo sababni daangaa darbu
isaanii sadarkaa fi aangoodha. Sababoonni lamaan kunniin, kana jechuun
qabeenyaa fi aangoon sababoota Rabbiif ajajamu irraa akka of tuulan nama
taasisaniidha.
2ffaa-Dandeettin Rabbii guutuu ta’uu. “Isaan kan miliqan hin turre.” Jedhu
keessatti ni arganna. Namoonni kunniin guddinna, of tuulinsaa fi baay’inna
qabeenya isaanii waliin Rabbiin jalaa miliquu hin dandeenye. Namni hanga fedhe
qabeenyi fi loltuun isaa haa baay’atan guddinni fi baay’inni isaa homaa isa hin
fayyadan.
هذنبههه ﴿ نا ب خذرا أ خذتره ۦ فكل
م منر أ ا ومهنره با ررسلرنا عليرهه حاصه
م منر أ فمهنره
ههه لصيرحة ٱ نا ب م منر خسفر رض ٱومهنره نا وما كن لر رقر غر
م منر أ لل ٱومهنره
مر ي سه نف ن كن وا أ مر ولكه لهمه ظر ون له لهم ﴾٤٠ظر
“Hundumaa badii isaatiin isa qabne. Isaan keessaa namoota bubbee
cirrachaa itti erginetu jira, isaan keessaa namoota iyyansi cimaan isaan
1 Tafsiir Sa’dii-740
64
qabatetu jira, isaan keessaa namoota dachii ittiin kunnetu jira, isaan keessaa
namoota bishaan nyaachifnetu jira. Rabbiin kan isaan miidhu hin taane.
Garuu isaanumatu nafsee ofii miidhaa turan.” Suuratu Al-Ankabuut 29:40
Kana jechuun namoota duraan badan irraa hunda isaatu sababa badii isaatin isa
qabne. “Isaan keessaa namoota bubbee cirrachaa itti erginetu jira.” kana
jechuun namoota adabnee fi balleessine keessaa namoota bubbee cirracha of
keessaa qabdu itti ergineetu jira. Kan akka ummata Luux.
"Ammas isaan keessaa namoota iyyansi cimaan isaan qabatetu jira” kuni
ummata Saalih ykn Samuudi fi ummata Shu’ayb. Ammas isaan keessaa namoota
dachii ittiin kunnetu jira kan akka Qaaruun. "isaan keessaa namoota bishaan
nyaachifnetu jira." kan akka ummata Nuuh, Fira’awnaa fi ummata isaa.1
Rabbiin badii isaan hin hojjanneen isaan hin adabne. Haqummaan Isaa guutuu
waan ta’eef, ammas Dureessa homattu hin hajamne waan ta’eef Rabbiin
gonkumaa namoota hin miidhu. Garuu isaanumatu badii hojjachuun adabbii
Isaatiif of saaxilan. Kanaafu, ofumaa nafsee ofii miidhanii jechuudha.
Guduunfaa
Sababni guddaan namoonni daangaa itti darbanii fi Rabbii olta'aaf
ajajamu itti didaniif: qabeenyaa fi aangoodha.
Adabbiin kan namatti bu'uuf sababa namni Rabbiif ajajamu diduu fi
badii hojjatuufi.
1 Tafsiir Muyassar-401, Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/265-266
65
Fakkeenya namoota Rabbii gadiitti wanta biraa
gabbaranii?
ٱ لهين ٱمثل ﴿ وا اء كمثله لله ٱد ونه مهن تذ له ور تذتر ٱ لرعنكب وته ٱأ ا بيرتا
ورهن ٱليرت لر ي وته ٱوإن أ ون لرعنكب وته لم ﴾٤١لور كن وا يعر
“Fakkeenyi warra Rabbiin ala kan biraa awliyaa’a godhatanii, akka
sharariitii mana ijaarratteeti. Dhugumatti, manni hundarra laafaan mana
sharariititi. Osoo kan beekan ta’anii, [silaa awliyaa’a hin godhatanii
turan].” Suuratu Al-Ankabuut 29:41
Fakkeenyi namoota Rabbiin alatti kan biraa gabbaramaa godhachuun gargaarsaa
fi faaydaa irraa abdatanii akka sharariitii mana ijaarratteeti. Manni sharariitii
hoo’as ta’e qorra ishirraa hin dhoowwu, miidhaa ishitti bu’us ishirraa hin deebisu.
Sharariitiin wanta akka jirbii qaqal’aa mana godhatti. Manni kuni garmalee laafaa
fi dadhabaa homaa ishirraa hin eegnedha. Haaluma kanaan, mushrikoota
kanniinitti dallansuun Rabbii yoo bu’e, wantoonni isaan gabbaran homaa isaan
hin fayyadan, adabbii Rabbii isaan irraa hin deebisan. Sanama mana sharariitiitiin
wal fakkeesse. Akkuma manni sharariiti homaa ishirraa deebisuu hin dandeenye,
sanamoonni isaaniis Rabbiin irraa isaan eegu hin danda’an.1
ههه لل ٱإهن ﴿ ون مهن د ون ع لم ما يدر و ۦيعر وه ء كهيم ٱ لرعزهيز ٱمهن شر ﴾٤٢لر
“Dhugumatti, Rabbiin wanta kamiyyuu isaan Isaa gaditti kadhatan ni
beeka. Inni Injifataa, Ogeessa.” Suuratu Al-Ankabuut 29:42
Kana jechuun Rabbiin wanta kamiyyuu namoonni Isaan alatti gabbaran ni beeka.
Hiikni biraa aayah tanaa: Rabbiin wanta namoonni Isa waliin gabbaran ni beeka.
Wantoonni isaan gabbaran kunniin dhugaadhaan homaayyu miti. Kana irra,
maqaa isaan moggaasan qofa. Mushrikoonni wanta gabbaran “gooftaadha ykn
gabbaramaadha” jedhanii haa moggaasanii malee, dhugaadhaan wanti isaan
1 https://www.sammubani.com/2020/06/28/fakkeenya-waliin-fokkinnaa-fi-soba-
shirkii-kutaa-2/#more-15233
66
gabbaran kuni gooftaa ykn gabbaramaa miti. Sababni isaas, amala Gooftaa ykn
Gabbaramaa hin qabu. Nama fayyadu fi miidhu hin danda’u.
Rabbiin nama Isatti kafare irraa haloo baafachu keessatti Injifataadha. Too’annaa
fi hojii Isaa keessatti Ogeessa (Hakiim). Ogeessa jechuun wanta hundaa bakka
isaaf malu kan kaa’udha.1
Barnoonni aayah tana irraa baratamu: wantoonni namoonni Rabbii olta’aan alatti
gabbaran (waaqeffatan) dhugaadhaan (haqiiqaadhaan) gooftaa ykn gabbaramaa
miti. Sababni isaas, amala gooftaa ykn gabbaramaa hin qaban. Kan akka waa
uumuu, waan hundaa irratti danda’aa ta’uu, waan hundaa beeku, dhagayuu fi
arguu.
Wantoonni Rabbii gadiitti namoonni gabbaran amala Gooftaa waan hin
qabneef gabbaramu (waaqefatamu) hin qaban.
هلرك ﴿ ثل ٱوت مر قهل ها إهل لر وما يعر هلناسه هب ها ل ون ٱنضر ﴾٤٣لرعلهم
“Sunniin fakkeenyota namootaaf dhiyeessinuudha. Beektota malee kan
isaan hubatu hin jiru.” Suuratu Al-Ankabuut 29:43
Kana jechuun Qur’aana keessatti fakkeenyota dubbataman namoonni akka irraa
fayyadamanii fi isaan irraa barataniif isaaniif dhiyeessina. Garuu namoota dhugaa
(haqiiqaa) beekumsaa irra gahuuf, beekumsa qabachuuf, amantii fi adeemsa
isaanii keessatti itti fayyadamuuf fedhii guddaa qaban malee fakkeenyota kanniin
kan hubatu hin jiru.2
(Namni dhugaa beekumsaa irra gahuu fi qabachuuf hin carraaqne, amanti fi
adeemsa isaa keessatti itti fayyadamuuf fedhii hin qabne, fakkeenyota kanniin hin
hubatu. Erga hin hubanne, irraa hin fayyadamu jechuudha.)
Fakkeenyonni Rabbiin subhaanahu wa ta’aala Qur’aana keessatti dhiyyeesse
dhimmoota gurguddoo garmalee barbaachisoo ta’aniidha. Warri beekumsa qaban
dhimmoonni kunniin dhimmoota biroo caalaa garmalee barbaachisoo akka ta’an
1 Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/270, Tafsiir Muyassar-401 2 Maddoota olii
67
ni beeku. Sababni isaas, Rabbiin xiyyeefannoo itti kenne, gabroonni Isaa akka itti
xinxallan itti kakaase. Kanaafu, warri beekumsaa kana beekuf garmalee carraaqu.
Namni dhimmoonni kunniin garmalee barbaachisoo ta’uu waliin isaan hin
hubanne, kuni warra beekumsaa irraa akka hin taane ragaa agarsiisuudha. Sababni
isaas, inni dhimmoota barbaachisoo yoo hin beekne, kanneen biroo caalatti kan
hin beeknedha. Kanaafi, fakkeenyonni baay’een Rabbiin dhiyeessu hundee
amantiitii fi dhimmoota barbaachisoo ilaalchiseeti.1
Guduunfaa Fakkeenyota Qur'aana keessa jiran kan hubatu namoota
beekumsa argachuuf, hubachuu fi hojii irra oolchuuf
carraaqaniidha.
1 Tafsiir Sa’dii-741
68
Uumamni samii fi dachii Haqa
Wanti guddaan haala tartiiba qabuun yommuu hojjatamu kaayyoo guddaa
tokkoof hojjatama. Akkasi miti ree? Samii fi dachiin garmalee gurguddoo kan
ta'anii fi tartiiba isaanii kan eeggataniidha. Urjiileen, aduun, jiiyni fi pilaanetoonni
samii keessa jiran tartiiba ajaa'ibaatin kan uumamaniidha. Gaarreen, galaanni fi
uumamtonni biroo dachii keessa jiraniis tartiiba isaanii kan qabataniidha. Amma
of haa gaafannu: Khaaliqni guddaan olta'e uumamtoota gurguddoo kanniin
tartiiba qabsiisuun kaayyoo tokko malee ni uumaa? Deebiin keenya: Kaayyoo
malee akkanumatti wantoota kanniin hin uumu. Kanaafu, samii, dachii fi
wantoota isaan keessa jiran kaayyoo cimaa fi guddaa ta'eef uume. Kaayyoon kuni
haqa. Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa ni jedha:
ته ٱ لل ٱخلق ﴿ رض ٱو لسمو ه لر ٱب ه ق مهنهي لر ؤر هلرم هك لأيةا ل ل ﴾٤٤إهن فه ذ
“Rabbiin samiiwwanii fi dachii haqaan uume. Dhugumatti, kana keessa
warra amananiif mallattootu jira.” Suuratu Al-Ankabuut 29:44
Samii torbanii fi dachii Kan uume Rabbii Tokkicha. Adda Ofii isaan uume.
Homtu Isa waliin qooda hin fudhanne. Kana hunda haqaan uume. Kana jechuun
taphaaf yookiin akkanumatti dhiisuuf ykn faayda tokko malee hin uumne.1 Kan
uumeef: namoota qoruuf, gabroonni sifaata Isaa akka beekanii fi Isa qofa
gabbaraniif, dhumarratti jazaa isaaniif kafaluufi. Kunniin sadan akka sansalataa
wal keessa seenu. Namoota qoruu irraa wanti barbaadame ibaadaadha. Ibaadan
immoo kan barbaadameef jazaa isaaniif kafaluufi.
Mee ragaalee kanaa haa dhiyeessinu:
و ﴿ ته ٱخلق لهيٱوه رض ٱو لسمو ه لر يام وكن عررش
تةه أ رماءه ٱعل ۥفه سه ل
مر برل وك له سن عملا حرمر أ يك
﴾أ
1 Madda olii
69
“Inni Kan samiiwwanii fi dachii guyyaa jaha keessatti uumedha. Arshiin
Isaas bishaan gubbaa ture. Eenyu keessantu irra gaarii akka hojjatu isin
qoruuf, [isaan uume].” Suuratu Huud 11:7
Qormaata kanaan namni hojii irra gaarii hojjatu ifatti baha. Hojiin irra gaariin
hojii ikhlaasaa fi shari’aa hordofuun hojjatameedha. Ikhlaasaa fi shari’aa
hordofuun ibaadaadha. Kanaafu, qormaata kana keessatti ilma namaa irraa wanti
barbaadame ibaadadha. Kanaafi, Rabbiin olta’aan ni jedha:
“Jinnii fi ilma namaa akka Ana qofa gabbaraniif malee hin uumne.” Suurat
Az-Zaariyaat 51:56
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ibaadaa (gabbarrii) namootaa irraa Dureessa.
Ibaadaa isaaniititti hin hajamu. Garuu ibaadatti kan isaan ajajeef jazaa isaaniif
kafaluufi. Ni jedha:
د ﴿ وعر ا مر جهيعا ع ك ا إهنه لله ٱإهلرهه مررجه ا ۥحقا لرق ٱيبردؤ ه لر ۥث م ي عهيد زهي جر لهحته ٱءامن وا وعمهل وا لهين ٱله ه لص ٱب طه مر لهين ٱو لرقهسر وا له كفر
ه ب م لههنر حهيم وعذاب أ اب م ما كن وش ون ا ر ف ﴾٤يكر
“Deebiin hunda keessanu gara Isaa (Rabbiiti). [Kuni] waadaa Rabbii haqa
[ta’eedha]. Dhugumatti, Inni uumuu ni jalqaba, ergasiis ni deebisa. [Kana
kan godhuuf] warroota amananii fi hojii gaggaarii hojjatan haqummaan
mindaa isaaniif kennuufi. Warroonni kafaran immoo waan kafaraniif jecha
dhugaatii bishaan danfaa irraa ta’ee fi adabbii laaleessaatu isaaniif
jira.” Suuratu Yuunus 10:4
Namoota ajaja Isaa fudhatanii Isa qofa gabbaran, mindaa isaaniif kenna. Namoota
ajaja Isaa didanii Isa qofa gabbaru didan immoo adabbii isaaniif malu adaba. Kuni
hundi jazaadha.
Jazaan mindaa fi adabbii of keessatti qabata. Addunyaan tuni iddoo qormaataa
waan taateef jazaan haala guutuu ta’een namaaf hin kennamu. Kanaafu, yeroo fi
iddoon jazaan guutuun ittii namaaf kennamu jiraachu qaba.Yeroon jazaan guutuu
70
itti namaaf kennamu, yeroon qormaata addunyaa tanaa erga dhumate booda.
Kunis Guyyaa Qiyaamaati. Iddoon jazaa immoo takkaa Jannata takkaa immoo
Jahannami. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
﴿ هقة ك س ذائ رمورته ٱ نفر مر يورم ل ورك ج ن أ زهح لرقهيمةه ٱوإنما ت وفور فمن ز حر
ل لناره ٱعنه درخه نة ٱوأ ة ٱفقدر فاز وما لر يو ٱ لر يا نر وره ٱإهل متع ل ر ﴾١٨٥لرغ
“Lubbuun hundi du’a ni dhandhamti. Mindaawwan keessanis guutumaatti
kan argattan Guyyaa Qiyaamati. Namni ibidda irraa fageeffamee Jannata
seensifame, dhugumatti milkaa’eera. Jireenyi addunyaas meeshaa
gowwoomsaa qofa.” (Suuratu Aali-Imraan 3:185)
Kanaafu, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa samii fi dachii kaayyoo guddaaf uume.
Akkanumatti taphaaf hin uumne. Kaayyoo guddaa kana galmaan gahuuf
uumuun haqa.
“Dhugumatti, kana keessa warra amananiif mallattootu jira.” Kana jechuun
Rabbiin samiiwwanii fi dachii uumuu keessa namoota haqa beekuuf, itti amanuuf
ergasii haala amananiin hojjachuuf qophii ta’aniif mallattoo guddaatu jira.1
Uumamni samii fi dachii mallattoo dandeetti, beekumsaa fi ogummaa (hikmaa)
Rabbii olta’aa agarsiisaniidha. Samiin torbanii fi dachiin gara Rabbii akeeku.
Sababni isaas, eenyullee fakkaataa samii fi dachii uumuu hin danda’u. Jiraachun
samii fi dachii dandeetti Isaa agarsiisu. Tartiibni isaan keessa jiru, wal dhabbii fi
walitti bu’iinsi isaan keessaa dhabamuun ogummaa (hikmaa) Isaa agarsiisa.
Garuu kana kan beeku fi itti fayyadamu warra amananiidha. Kaafirri kanarraa hin
fayyadamu.2 Sababni isaas, warri amanan Rabbii olta’aatti waan amananiif
wantoonni fuundura isaanitti mul’atan maal akka agarsiisan ni beeku. Kaafironni
immoo Rabbii olta’aatti waan hin amanneef wanta fuundura isaanii jiru irraa
homaayyu hin hubatan. Qalbiin isaanii haguuggamte jirti. Faaydan guddaan
mallattoo kana irraa warri amanan argatan iimaanni isaanii dabaluudha.
Shakkii hin qabu iimaanni dabaluun faaydaa garmalee guddaadha.
1 Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/271 2 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 228, Ibn Useymiin
71
72
Salaata Sirnaan Salaatun bu'aa maal fa'a qabaa? Salaanni karaa gabrichi Gooftaa Isaatin wal qunnamuudha. Hariiron namni
Rabbii isaa waliin qabu salaatan madaallama. Ifaa fi dhoksatti salaata irratti kan
cimu, ikhlaasa fi sirnaan kan salaatu yoo ta'e, hariiroon inni Rabbii olta'aan waliin
qabu akkasuma cimaadha. Namni hariiroo cimaa Rabbii olta'aa waliin yoo
qabaate, shayxaanni karaa ittiin wanta fokkuutti isa harkisuu hin argatuu
jechuudha. Kanaafu, bu'aawwan salaata keessaa tokko salaanni wanta fokkuu fi
jibbamaa irraa nama dhoowwudha. Namni wanta fokkuu fi jibbamaa irraa yoo
fagaate immoo jireenya keessatti gammachuu fi tasgabbiin jiraata. Akkasi miti
ree? Namni kan jeeqamu fi gammachu itti dhabuuf wanta fokkuu fi jibbamaa
yommuu hojjatuudha. Akkasi miti ree? Karaan salaata irratti itti ciman keessaa
tokko Qur'aana hubannaan dubbisuu fi hordofuudha. Suuratu Al-Ankabuut irraa
mee dhugaa armaan olii kana haa ilaallu:
إهلرك مهن ترل ٱ﴿ وحه قهمه لركهتبه ٱما أ
ٱوأ ة ة ٱإهن لصلو تنره عنه لصلو
شاءه ٱ نكره ٱو لرفحر رم ر ل و لله ٱولهكر ب كرنع ون لل ٱأ لم ما تصر ﴾٤٥يعر
“Kitaaba irraa wanta gara keetti buufame dubbisi, salaatas sirnaan salaati.
Dhugumatti, salaanni fahshaa’a fi al-munkar irraa nama dhoowwa. Zikriin
Rabbii hundarra guddaadha. Rabbiin wanta isin hojjattan ni beeka.” Suuratu Al-Ankabuut 29:45
Jechi Arabiffaa “utlu” jedhu hiika dubbisuu fi hordofuu qaba. Ni jedhama: talaa
fulaanu fulaanan” kana jechuun ebalu ebaluun hordofe.1 Kanaafu, "utlu maa
unzila ileyka…” himni jedhu hiika lama qabaa jechuudha:
1ffaa- Jechoota Qur’aanaa dubbisuu.
2ffaa-Wanta Qur’aana keessa jiru hordofuudha. Kunis wanta Qur’aanni ajaju
itti buluun, wanta inni dhoowwu irraa fagaachuun, wanta inni beeksise
dhugoomsuu fi hiika isaa itti xinxalluun ta’a.2
1 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 233, Ibn Useymiin 2 Tafsiir Sa’dii-742
73
لوة “ ,Kana jechuun salaata haala guutuu ta’een salaati. Sababni isaas ”وأقم ٱلص
wanta tokko qajeelchanii gadi dhaabu (iqaamata) jechuun qajeelaa jallinnaa fi
hir’inni keessa hin jirre gochuudha.1
“Dhugumatti, salaanni al-fahshaa’a fi al-munkar irraa nama dhoowwa.” Al-
Fahshaa’a jechuun wanta akka fokkuutti ilaallamu hundadha. Kan akka zinaa
(sagaagalumma), hanna, khamrii (dhugaati nama macheessu) dhuguu, nafsee
haqa malee ajjeesuu fi kkf. Al-Munkar immoo wanta kanaa gadi ta’ee fi, sammuu
fi uumamni namaa jibbuudha. Gabaabumatti, al-fahshaa'a jechuun wanta
fokkuu, al-munkar immoo wanta jibbamaadha.
Salaata arkaana fi shuruuxa isaa guutanii yeroo hundaa salaatu ittii fufuun
wantoota fokkuu fi jibbamoo irraa nama dhoowwaa jechuudha. Sababni isaas,
namni salaata qajeelche salaatu, arkaanaa fi shuruuxa salaataa guutu, qalbiin isaa
ni ifti, iimaanni isaa ni dabala, kheeyri dharra'uun isaa ni jabaata, sharrii
dharra'uun immoo ni xiqqaata ykn ni bada.
“Zikriin Rabbii hundarra guddaadha.” Kana jechuun salaata keessatti fi
salaatan alatti zikriin Rabbii wanta hundarra guddaadha.2 Akka lugaatti zikriin
hiika lama qaba: 1ffaa-yaadachu (Ingliffaan: remember), 2ffaa-maqaa dhayuu
ykn kaasu (Ingiliffaan: mention)
Kanaafu, zikriin Rabbii: qalbiin Isa yaadachuu, arrabaan maqaalee fi sifaata Isaa
dubbachuu ykn Isa faarsu of keessatti hammata.
Yaadaa fi qalbiin Rabbiin yaadachuun, arrabaan Isa faarsun, wantoota fokkuu fi
jibbamoo irraa nama dhoowwu keessatti bu’aa guddaa qaba. Keessumaayyu,
zikriin (yaadachuu fi faarsun) kuni baay’ee fi halkanii guyyaa itti fufaa yoo
ta’e,[bu’aan isaa guddaadha].3 Namni salaata keessatti fi salaatan alatti Rabbii
olta’aa yaadatu, gara badiitti hin tarkaanfatu.
“Rabbiin wanta isin hojjattan ni beeka.” Kana jechuun kheeyri fi sharrii irraa
wanta isin hojjattan ni beeka. Ergasii kana irratti jazaa guutuu isiniif kafala.4
1 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 235, Ibn Useymiin 2 Tafsiir Muyassar-401, Tafsiir Sa’dii-742 3 Ma’aariju Tafakkuri-15/275 4 Tafsiir Sa’dii-742
74
Kanarraa kaayyoon barbaadame Rabbiin wanta nuti hojjannu akka beeku
beeksisuuf miti. Kana irra, kana keessa hiika guddaatu jira. Innis: wanta shari’aa
Isaa faallessuu hojjachuu fi wanta dhoowwe keessatti kufuu ykn ajaje dhiisu irraa
akeekachiisuudha. Aayan tuni ajajoota Rabbii hojjachuutti kakaasuu fi Isa
faallessuu irraa sodaachisu of keessatti qabatte.1 Suurah biraa keessatti ni jedha:
“Rabbiin wanta nafsee teessan keessa jiru akka beeku beekaa, kanaafu Isa
eeggadhaa (sodaadhaa).” (አላህም በነፍሶቻችሁ ያለውን ነገር የሚያውቅ መኾኑን ዕወቁ፤ ተጠንቀቁትም፡፡)" (Suuratu Al-
Baqara 2:235)
Tafsiira (Ibsa) “Rabbiin wanta isin hojjattan ni beeka.” jedhu ilaalchise
Imaamu Xabarii ni jedha: Yaa namoota! Rabbiin daangaa salaataa eegu fi kana
dhiisu irraa wanta salaata keessatti hojjattani fi dhimmoota keessan biroo ni
beeka. Kana irratti jazaa isiniif kafala. Kanaafu, daangaalee (arkaanaa fi
sharxiwwan) salaataa irraa waa gatuu ykn dhiisu irraa of eeggadhaa!2
Guduunfaa Salaata sirnaan qajeelchanii salaatun hojii fi dubbii fokkuu fi
jibbamaa irraa nama dhoowwa. Sababni isaas, salaata arkaanaa fi
sharxii guutanii haala itti fufaan salaatun qalbii ibsa, iimaana
dabala, waan gaariif akka dharra'an taasisa, waan badaaf
dharra'uu hir'isa ykn balleessa.
1 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 241, Ibn Useymiin 2 Tafsiir Xabarii-18/417
75
Warra Kitaabaa Waliin Falmuu Nama kamiyyu waliin yommuu falman naamusa hordofantu jira. Naamusa
yoo hin qabaatin, falmiin bu'aa buusu hin danda'u. Naamusa falmi keessaa
tokko, ragaalee qabatamaa fi dubbii gaariin falmuudha. Suuratu Al-
Ankabuut irraa akkaataa warra kitaabaa (yahuudotaa fi kiristaanota) waliin
falman mee haa ilaallu:
ل ﴿ هرل وا أ ه لركهتبه ٱ۞ول ت جده سن إهل لته ٱإهل ب حر
أ لهين ٱهه مر وا مهنره ظلم
ه د ونرن لهي ٱوق ول وا ءامنا ب مر وحه ك نا وإله مر وإله نزهل إهلرك نزهل إهلرنا وأ
أ
ون ۥل لهم سر ﴾٤٦م
“Warra kitaabaa wanta irra gaarii ta’een malee hin falminaa, isaan
keessaa warra zaalimota ta’an malee. Jedhaa, “Gara keenyatti kan
buufamee fi gara keessaniitti kan buufametti amannee jirra.
Gabbaramaan keenyaa fi Gabbaramaan keessan Tokkicha. Nuti Isaaf
ajajamoodha.” Suuratu Al-Ankabuut 29:46)
Yaa warra amantan! Isaan keessaa namoota zaalimoota ta’an malee
Yahuudotaa fi Kiristaanota tooftaa gaarii ta’een, dubbii bareedan, karaa
laafaan gara haqaatti waamun malee hin falminaa. Wanti irra gaarii ta’e:
ragaalee qabatamoo, karaa hundarra gaarii ragaalee kanniin ittiin
dhiyeessanii fi haala gaarii of keessatti hammata.
Ragaaleen qabatamoon aayata Qur’aanaa fi mallattoolee samii fi dachii
keessa jiran hammatu. Karaan hundarra gaariin ragaalee kanniin itti
dhiyeessan immoo nama si faallessuu amansiisuuf karaa gabaabaa fi laafaa
filachuudha. Haalli gaariin immoo niyyaan namaa tolu, dubbiin laafaa fi
bareedaa ta’u. Fakkeenyaaf, namni ragaalee qabatamoo ittiin falmu qabatee
garuu kan nama arrabsuu yoo ta’e wanta irra gaarii ta’een hin falminee
jechuudha.
Akkasumas, namni nu faallessu sobaan yoo nu falme, haqaan falmutu nurra
jira. Qur’aana keessatti tooftaa falmii bakka adda addaatti ni arganna. Mee
76
isaan keessaa akka fakkeenyaatti wal falmii Nabii Ibraahimii fi mootii
jidduutti adeemsifame haa ilaallu:
لمر تر إهل ﴿ههه حاج إهبررهه لهيٱأ ه ۦ م فه رب نر ءاتى
لرك ٱ لل ٱأ رم إهذر قال إهبررهه ل ه لهيٱم رب
ه ه ۦي حر حر نا أ
قال إهبررهه ۦوي مهيت قال أ مهيت
هن وأ ه لل ٱم فإ ته ب
رسه ٱيأ ه ٱمهن لشمر رمشر قه ل
هها مهن ته بررهبه ٱفأ رمغر ي لل ٱكفر و لهيٱفب ههت ل ده لهمهي ٱ لرقورم ٱل يهر ﴾٢٥٨لظ
“Sila gara nama Rabbiin mootummaa isaaf kenninaan Gooftaa isaa
ilaalchisee Ibraahimin falme hin ilaallee? Yeroo Ibraahim, “Gooftaan kiyya
Kan jiraachisuu fi ajjeesudha.”jedhe. Innis, “Anis nan jiraachisa, nan
ajjeesa.”jedhe. Ibraahim ni jedhe, “Dhugumatti Rabbiin aduu bahaan fida,
ati immoo dhiyaan fidi.” Achumaan kan kafare dhama’e. Rabbiin namoota
zaalimtoota hin qajeelchu.” Suuratu Al-Baqarah 2:258
Namtichi kuni Rabbiin mootummaa (aangoo) waan isaaf kenneef of tuulee
daangaa darbe. “Gooftaan kee eenyu?” jechuun Nabii Ibraahimin gaafate.
Ibraahimis akkana jechuun deebise: “Gooftaan kiyya uumamtootaaf jireenya kan
kennuudha. Ammas, yeroo du’aa lubbuu isaan keessaa Kan fudhatuudha. Inni
jiraachisuu fi yeroo du’aa nafsee fudhachuun kophaa kan ta’eedha.” Namtichis ni
jedhe, “Anis nan jiraachisa, nan ajjeesa. Kana jechuun nama ajjeesu barbaade nan
ajjeesa. Nama tursiisu barbaade nan tursiisa.” Ergasii Ibraahim ni jedheen:
“Rabbiin ani gabbaru aduu bahaan fida. Ati seera Rabbii kana jijjiruun dhiyaan
fiduu dandeessaa?” Ergasii kaafirri kuni ni dhama’e. Mormiin isaas ni cite.
Dhimmi isaa akka dhimma zaalimtootaa Rabbiin haqaa fi wanta sirriitti hin
qajeelchineeti.1
Wal falmii kana keessatti Nabii Ibraahim (aleyh salaam) ragaalee qabatamoo ni
dhiyeesse. Ragaaleen kunniinis: "Gooftaan kiyya Kan jiraachisuu fi
ajjeesudha.”jedhe, “Dhugumatti Rabbiin aduu bahaan fida, ati immoo
dhiyaan fidi.”
Ammas karaa laafaa ragaalee kanniin itti dhiyeessu filate. Yommuu mootichi
kuni “Anis nan jiraachisa, nan ajjeesa.”jedhe, Nabii Ibraahimis mormii keessa
seenuun “Ati hin jiraachistu, hin ajjeestu. Ati sababa qofa hojjatte” hin jenneen.
1 Tafsiiru Muyassar-43
77
Kana irra, “Dhugumatti Rabbiin aduu bahaan fida, ati immoo dhiyaan fidi.”
Jedheen.
Ammas, dubbii Nabii Ibraahim keessa arrabsoon, tuffii fi jabeenyi hin jiru.
Kanaafu, billati hiya ahsan (wanta irra gaarii ta'een) falmuun ragaalee dhugaa fi
qabatamoo, karaa gabaabaa ittiin nama amansiisanii fi haala dubbii ittiin
dhiyeessan of keessatti qabata.
Garuu Yahuudotaa fi Kiristaanota keessaa namoota garii waliin yeroo haala
armaan olii kanaan falman bu’aa hin buusnetu jira. Kanaafu, namoota akkanaa
itti aanse dubbate: “isaan keessaa warra zaalimota ta’an malee.”
Kunniin namoota haqni erga ifa isaaniif ta’e of tuulanii fi haqaaf gadi hin
jenneedha. Akkasumas, warra waraana Muslimoota irratti bananiidha. Namoota
akkanaa takkaa isaan waliin falmuu dhiisuu, takkaa immoo seeyfin isaanitti
duuludha. Haalli kuni wanta isaaf maluuf itti fayyadaman. Haalli seeyfin isaanitti
duulu kan barbaachisu yoo ta’ee fi nu bira humni seeyfin isaanitti duulu yoo
jiraate, itti duuludha. Ta’uu baannan, nuti humna yoo hin qabaatinii fi fooyya’insi
isaan dhiisu keessa kan jiru yoo ta’e, nuti isaan dhiifna.1
Jedhaa, “Gara keenyatti kan buufamee fi gara keessaniitti kan buufametti
amannee jirra. Gabbaramaan keenyaa fi Gabbaramaan keessan Tokkicha.
Nuti Isaaf ajajamoodha.”
Hima kana keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa tooftaa wal falmiin ittiin
jalqabamu ibsa. Tooftaan kunis: dogongora yoookiin jallina nama waliin
falmitanii bu’uuraa fi tuqaa jalqabaa wal falmii hin godhinaa. Garuu isinii fi nama
isin faallessu jidduutti haqa waliinii (common) ta’e irraa jalqabaa. Kana jechuun
wal falmii fi mariin tuqaa irratti wal dhaban osoo hin ta’in tuqaa ijoo irratti wali
galan irraa jalqabamu qaba. Ergasii namni waliin falman kana akka hubatu
taasisuudha: ijjannoon keessan wanta irratti wali galtaniin kan wal simatuudha,
ijannoon isaa immoo wanta irratti wali galtan kan faallessuudha.2
“Gara keenyatti kan buufamee” kana jechuun Qur’aanatti amanne. “gara
keessaniitti kan buufametti amannee jirra.” Kana jechuun Tawraati fi injilii
1 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 250-251, Ibn Useymiin 2 https://www.englishtafsir.com/Quran/29/index.html#sdfootnote83sym
78
harka namaatiin jijjiraman osoo ta’in Tawraati fi Injilii Rabbiin irraa buufamanitti
amanne.
“Gabbaramaan keenyaa fi Gabbaramaan keessan Tokkicha.” Kana jechuun
Gabbaramaan keenyaa fi Gabbaramaan keessan kan haqaan gabbaramu tokkicha.
Aayah tana ilaalchisee mee wanta Shekh Abdurahmaan As-Sa’dii jedhe asitti haa
dhiyeessinu:
Jedhaa, “Gara keenyatti kan buufamee fi gara keessaniitti kan buufametti
amannee jirra. Gabbaramaan keenyaa fi Gabbaramaan keessan Tokkicha.
Nuti Isaaf ajajamoodha.”
Kana jechuun falmiin warra kitaabaa waliin adeemsiftan, wanta gara keessaniitti
buufamee fi gara isaanitti buufametti amanuu, Ergamaa keessanii fi Ergamaa
isaaniitti amanuu fi Gabbaramaan tokkicha ta’uu irratti haa hundaa’u. Wal
falmiin keessan haala kitaabban Rabbiin irraa bu’an irraa waa qeequn ykn
Ergamtoota irraa Ergamaa tokko maqaa xureessun ta’uu hin qabu. Akkuma
wallaalan yommuu nama isa faallesse falmu hojjatu. Haqaa soba osoo hin jedhin
wanta isa bira jiru hunda qeeqa. Kuni zulmii fi naamusa falmii keessaa bahuudha.
Dirqamni namarra jiru soba nama falmu bira jiruu deebisuu fi haqa isa bira jiru
immoo fudhachuudha. Osoo kaafira ta’ellee dubbii isaatiif haqni hin deebifamu.
Akkasumas, falmii warra kitaaba waliin adeemsisan qajeelfama bu’uuraa kana
irratti hundeessun Qur’aanaa fi Ergamaa Rabbii (SAW) akka mirkaneessan isaan
taasisa. Sababni isaas, hundee amanti kitaabbanii fi Ergamtoonni irratti wali
galan, akkasumas, warra wal falman jidduutti kan mirkanaa’e ilaalchisee yoo
dubbate, kitaabbanii fi Ergamtoota hundatti akka amanu isa dirqisiisa.” 1
Fkn, Kiristaanni, hundee amanti kan akka Rabbiin gabbaramaa Tokkicha ta’uu
ilaalchisee yoo dubbate, Qur’aanaa fi Nabii Muhammadin (SAW) dabalatee
kitaabbanii fi Ergamtoota hundatti amanuun isarra jira. Sababni isaas, kitaabbanii
fi Ergamtoonni hundi Rabbiin gabbaramaa tokkicha qofa akka ta’e irratti wali
galu. Namni Injiilitti nan amana, Qur’aanatti immoo hin amanu jedhe, dubbii isaa
kana keessa wal diiggatu jira. Sababni isaas, hundeen amantii Qur’aana keessa
1 Tafsiir Sa’dii-742
79
jiru injiil keessas ni jira. Kanaafu, Qur’aanatti hin amanu jechuun isaa injiilittis
hin amanu jechuu isaati.
Akkasumas, Rabbiin qofti gabbaramu akka qabu Qur’aana, Tawraati fi Injiil
keessatti kan mirkanaa’edha. Kiristaanni Tawraati fi Injiilitti nan amana jedhu
Rabbiin gabbaruu dhiisee Iyyasuusin ykn haadha isa yoo gabbare (waaqefate),
kuni amanti isaa diiga. Dhugaadhaan tawraati fi injiilitti hin amanne jechuudha.
“Nuti Isaaf ajajamoodha.” Kana jechuun nuti Rabbi qofaaf ajajamna,
masakamna. Nuti abbooti amantaa ykn nabiyyoota fi ergamtoota hin waaqefannu.
Namoonni kunniin hundu akkuma keenyaa namoota Rabbi Gooftaa isaanii ta’ee
qofa akka gabbaran isaan irraa barbaadamuudha.1
1 Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/279
80
Qur'aanni Rabbii olta'aa irraa Bu'e
Jalqaba madda kitaaba amanti beekuuf qabiyyee kitaabichaa qorachuu barbaachisa.
Namni qabiyyee kitaabaa sirritti yoo qorate madda isaa eessa akka ta'e haala salphaan
beeka. Mee ilaali kitaabni barreessaa beekkamaa tokkoo maqaan isaa osoo irratti hin
barraa'in osoo gurguramee, namoonni barreefama barreessaa bekkamaa kanaa beekan
madda barreefama kanaa hin beekan jettee ni yaaddaa? Dhugumatti madda barreefama
kanaa ni beeku. Haaluma kanaan, warri beekumsa qabanii fi haqa barbaadan maddi
Qur'aanaa eessa akka ta'e ni beeku. Ilmi namaa wanta akka Qur'aanaa barreessu waan
hin dandeenyef Qur'aanni Rabbii olta'aa irraa akka bu'ee jala muranii amanu. Qur'aanni
Rabbii olta'aa irraa hin buune jedhe kan normu nama beekumsa hin qabne ykn nama osoo
beeku haqa dhoksuudha. Asii gaditti dhugaa kana mee haa ilaallu.
ا إهلرك ﴿ نزلنرهك أ م لهين ٱف لركهتب ٱوكذل ههه لركهتب ٱءاتيرنه مهن ون ب ومهنر ۦ ي ؤر
ههه مهن ب لءه من ي ؤر تهنا إهل وما يرحد با ۦ هؤ ون ٱي فهر ﴾٤٧لرك
“Akka kanatti Kitaaba gara keetti buufne. Warroonni kitaaba kennineef
isatti ni amanu. Kanniin keessaayis nama isatti amanutu jira. Kaafiroota
malee aayaata Keenya kan waakkatu hin jiru.” Suuratu Al-Ankabuut 29:47
Kana jechuun Yaa Rasuula! Akkuma Ergamtoota siin dura darban irratti
kitaabban buusne, kitaaba kana sirratti buusne jirra. Kitaabni kuni Qur’aana.
Warroonni kitaaba isaaniif kennine haqaan beekumsa dhugaa beekanii fi hin
hinaafne, Qur’aanatti ni amanu. Kan akka Abdullah ibn Salaam, Najjaashi,
Salmaan Al-Faarisi. Yahuudotaa fi Kiristaanota keessaa warri kitaaba sirritti
beekan, hojii irra oolchan, hinaaffi fi fedhii lubbuu hordofuun isaan keessa hin
seenne Qur’aanatti ni amanu. Sababni isaas, Qur’aanni wanta isaan bira jiruun
walitti kan galuu ta’uu waan arganiif, akkasumas, akkuma kitaabni isaanii
beeksisee fi gammachisee waan bu’eef, beekumsa gaarii fi badaa, dhugaa fi sobaa
addaan baafachuu isaan bira waan jiruuf dhugummaa Qur’aana ni
mirkaneefatan.1
1 Tafsiir Muyassar-402, Tafsiir Sa’dii-743, Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula
261, Ibn Useymiin
81
“Kanniin keessaayis nama isatti amanutu jira.” kana jechuun warra
Makkaa keessaa nama Qur’aanatti amanutu jira.
Suuran (Boqonnaan) tuni Makkaatti waan buutef “kanniin keessaayis”
kan jedhu Nabiiyyii waliin warra Makkaan keessa jiraatan agarsiisa.1
“Kaafirota malee aayaata Keenya kan waakkatu hin jiru.” Kana
jechuun namoota haqa sobaan haguugan malee aayaata Keenya kan
kijibsiisuu fi haqa isaanii mormu hin jiru.2
Waakkachuu jechuun haqa osoo beekanu mormuudha. Fakkeenyaaf, namni
tokko waa sirraa ergifatee, ergasii “meeshaa kana sirraa hin fudhanne”
jedhee yoo morme, kuni waakkachuudha. Meeshaa kana ni dhoksa. Ergasii
osoo beeku hin fudhanne jedhee morma. Haaluma kanaan kaafironni haqa
dhoksaniis aayaanni Qur’aanaa Rabbiin irraa akka bu’an osoo beekanu,
faayda addunyaa argachuuf ykn fedhii lubbuu hordofuun, “Qur’aanni
Rabbiin irraa hin buune” jechuun mormu.
نت تترل وا مهن قبرلههه و ﴿ ه ۦما ك ا ل ۥمهن كهتب ول ت ط تاب بهيمهينهك إهذا ررل ون ٱ برطه رم ﴾٤٨ل
“Ati [Yaa Muhammad] isa dura kitaaba tokkollee kan dubbistuu fi harka
mirgaa keetinis kan barreessitu hin turre. Osoo akkas taate, silaa warri soba
hordofan ni shakku turan.” Suuratu Al-Ankabuut 29:48
Kana jechuun Yaa Muhammad! Qur’aanni sitti bu’uun dura kitaaba homaatu kan
dubbistu hin turre, harka keetinis kan barreessitu hin turre. Osoo kitaaba kan
dubbistu yookiin kan harkaan barreessitu taatee, silaa warri soba hordofan ni
shakkuu turan. Akkana jedhuu turan, “Muhammad Qur’aana kitaabban darbe
irraa barate ykn garagalche.”3
1 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 262, Ibn Useymiin 2 Tafsiir Ibn Kasiir-6/68 3 Tafsiir Muyassar-402, Tafsiir Ibn Kasiir-6/68-69
82
Mubxiluun-kunniin soba filachuu fi haqa achi gatuu keessatti warra fedhii
lubbuu hordofaniidha.1 Jireenya isaanii keessatti haqa achi darbanii soba
hordofuuf warra fedhii guddaa qabaniidha.
وره ﴿ د هنت فه ص بي و ءايت وت وا لهين ٱبلر ه تهنا إهل وما يرحد با لرعهلرم ٱأ ي
ون ٱ لهم ﴾٤٩لظ
“Kana irra, inni (Qur’aanni) qoma warra beekumsi isaaniif kenname
keessatti aayaata ifa ta’aniidha. Zaalimoota malee aayaata Keenya kan
waakkatu hin jiru.” Suuratu Al-Ankabuut 29:49
Kana jechuun Qur’aanni akka warri soba hordofan, “walaloo ykn sihriidha”
jedhanii miti. Garuu, inni mallattooleen, ragaaleen amantii fi murtiwwan Rabbii
ittiin beekkamuudha.2 Aayaanni Qur’aanaa kunniin qoma warra beekumsi
isaaniif kennamee keessatti kan qabatamu (haffazamuudha). Akkasumas, warri
beekumsa qaban kunniin Qur’aanni haqa ta’uu isaa ni beeku.3
Warri beekumsi isaaniif kenname kunniin namoota gamnoota, qalbii qabanii fi
guuttamaniidha. Qur’aanni qoma namoota akkanaa keessatti keeyyattotaa fi
ragaalee ifa ta’an erga ta’e, isaan namoota biroo irratti hujjah (ragaa) ta’u.
Namoonni isaaniin ala jiran mormuun homaa hin miidhu. Kuni zulmii malee
homaayyu ta’uu hin danda’u. Kanaafi akkana jedhe, “Zaalimoota malee aayaata
Keenya kan waakkatu hin jiru.”4
Kana jechuun zaalimota malee aayaata Keenya kan kijibsiisuu, haqa isaanii
hir’isuu fi isaan fudhachuu didu hin jiru. Zaalimoonni kunniin kaafirota. Isaan
daangaa darbitoota haqa osoo beekanu irraa goraniidha.5
1 Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/280 2 Tafsiir Qurxubii-13/376 3 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 279, Ibn Useymiin 4 Tafsiir Sa’dii-743 5 Tafsiir Ibn Kasiir-6/69
83
Kaafironni zaalimoota. Sababni isaas, zaalimoota jechuun namoota daangaa
darbanii nafsee ofii ykn namoota biroo miidhaniidha. Rabbiin subhaanahu wa
ta’aalaa ni jedha:
“Namni daangaawwan Rabbii darbee, nafsee ofii miidhee (zollomee) jira.”
Suuratu ax-Xalaaq 65:1
Kanaafu, kaafironni daangaa Rabbii darbuun nafsee ofii adabbii Isaatiif saaxiluun
waan miidhaniif zaalimoota. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
“Kaafironni isaanumatu zaalimoota.” Suuratu Al-Baqarah 2:254
Zulmii jechuun daangaa darbuu fi wanta tokko bakka isaa malee kaa’uudha.
84
Qur'aanni warra amananiif rahmataa fi yaadannoodha
Mee si haa gaafadhu, jireenya keessatti wanti guddaan ati barbaaddu fi argachuuf
garmalee ifaajuf maalidha? Dhugumatti deebiin kee "gammachuu" ta'a. Tarii
sababoota gammachuu kan akka manaa, haadha manaa, maallaqa, bilisummaa fi
kkf himu dandeessa. Garuu wantoota kanniin kan barbaadduuf maal argachuufi?
Dhugumatti, gammachuudha. Akkasi miti ree? Kanaafu, namni kamu wanta
barbaade haa barbaadu, kaayyoon dhuma isaa "gammachuu argachuufi."
Tolee, gammachuu erga barbaanne karaan ittiin argatan maalidhaa? Dhugumatti,
tarkaanfin jalqabaa gammachuutti nama geessu, Qur'aanatti amanuu fi hojii irra
oolchudha. Qur'aanatti amanuu jechuun Qur'aanni Rabbii olta'aa irraa akka bu'ee
jala muranii amanuu fi wanti isa keessa jiru hundi haqa akka ta'e amanuudha.
Namni haala kanaan Qur'aanatti yoo hin amaniin raajiin Rabbii olta'aa irraa akka
argamu barbaada. Haalli mushrikoota Makkaa kana ture:
ههه ﴿ هن رب نزهل عليرهه ءايت م ل أ وإنما لله ٱعهند لأيت ٱق لر إهنما ۦ وقال وا لوربهي ير م نا نذه
﴾٥٠أ
Ni jedhan, “Maaliif Gooftaa isaa irraa aayaanni isarratti hin buufamnee?”
Jedhi, “Aayaanni Rabbiin bira qofa, ani akeekachiisaa ifa bahaa qofa.” Suuratu Al-Ankabuut 29:50
Mushrikoonni ni jedhan: Aayaanni akka nabiyyoota darbaniif kennaman kan
akka gaala Saalih, ulee Muusaa maaliif Muhammad irratti Gooftaa isaa irraa hin
buufamnee? Yaa Muhammad! Akkana isaaniin jedhi, “Dhimmi aayaata kanniini
kan Rabbiiti. yoo fedhe ni buusa, yoo fedhe immoo ni dhoowwa. Ani
Akeekachiisaa qofa. Ciminna adabbii Rabbii irraa isin akeekachiisa. Karaa haqaa
karaa sobaa irraa adda baase ifa godha.”1
Asitti aayaanni mallatoolee ykn mu’jizaadha. Mushrikoonni, “Mallattooleen
dhugaa ta’uu isaa agarsiisan maaliif isarratti hin buufamne?” jechuun mu’jizaan
1 Tafsiiru Muyassar-402
85
(raajiin) akka argamuu barbaadu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta isaan
barbaadan caalaa mu’jizaa guddaa ta’ee akka buuse ibsuuf itti aanse ni jedhe:
ا عليرك ﴿ نزلنرنا أ
فهههمر أ و لمر يكر
ةا لركهتب ٱأ هك لرحر ل إهن فه ذ ترل عليرههمر ي
مهن ون م ي ؤر رى لهقور ﴾٥١وذهكر
Sila Kitaaba isaan irratti dubbifamu si irratti buusun Keenya isaan hin
gahuu? Dhugumatti kana keessa ummata amananiif rahmataa fi
yaadannootu jira.” Suuratu Al-Ankabuut 29:51
Mushrikoota, “Maaliif Muhammad irratti aayaanni Gooftaa isaa irraa hin
buufamne?” jedhaniif, kitaaba kana buusun Keenya isaan hin gahuu?1 Kitaabni
kuni Qur’aana isaan irratti dubbifamuudha.
Qur’aanni hanga Guyyaa Qiyaamaatti mu’jizaa itti fufaa addaan hin cinneedha.
Sababni isaas, Rabbiin olta’aan akkana jedha:
ا ﴿ ر ٱإهنا نرن نزلنر هكر ون ۥوإنا ل ل ﴾٩لحفهظ
“Dhugumatti, Numatu Qur’aana buuse, dhugumatti Numatu isa
tiiksas.” (Suuratu Al-Hijr 15:9)
Faallaa kanaa, mu’jizaaleen (raajiwwan) darban kan ijaan mul’atanii fi warri ijaan
arge itti fayyadamuudha. Namoota isaan booda dhufaniif karaa oduutin isaan
dhaqqaba. Akkuma beekkamu oduun akka wanta ijaan arganiiti miti. Qur’aanni
immoo nu fuundura jira, ni argina, ni dhageenya, ni dubbisna. Wanta darbee karaa
odeefannootin nu gahee miti. Kanaafu, Qur’aanni mu’jizaa xumuramanii fi badan
caalaa guddaa kan ta'eedha. Kuni iccitii Qur’aanni nama hundaaf mu’jizaa ta’uu
keessa jiruudha. Sababni isaas, Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) ilmaan
namaa hundaaf ergaman.2
Qur’aanni mallattoo fi ragaa Nabiiyyin (SAW) dhugaa ta’uu agarsiisuudha.
“Dhugumatti kana keessa ummata amananiif rahmataa fi yaadannootu
1 Tafsiir Xabarii-18/429 2 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 293
86
jira.” Kana jechuun addunyaa fi Aakhiraatti Qur’aana kana keessa namoota
amananiif rahmataa fi yaadannootu jira.1
Akkuma beekkamu rahmanni (mararfannaan) wanti jibban namarraa deemu fi
wanti jaallatan namaaf dhufuun wal qabata. Nama rakkinna keessa jiru, wanta
inni barbaadu isaaf gochuun ykn wanta inni jibbu isarraa kaasun rakkinna keessaa
yoo baaste, isaaf rahmata goote jechuudha. Kanaafu, Qur’aanni namoota
amananiif rahmata. Kana jechuun namoonni amanan sababa Qur’aanaatin
addunyaa keessatti jallinnaa fi dararaa irraa baraaramuun gammachuu,
beekumsa, qajeelinnaa fi kheeyri (waan gaarii) biraa ni argatu. Aakhirattis adabbii
cimaa jalaa nagaha bahuun qananii Jannataa argatu.
Akkasumas Qur’aanni isaaniif yaadannoo ta’a. “Qur’aanni gorsa, akeekachiisa,
dhuma hojii beeksisuu, jireenya lammataatiif qopheessu fi kanneen biroo of
keessatti kan qabateedha.”2 Kanaafu, namoonni amanan gara Qur’aana deebi’uun
wantoota kanniin ni yaadatu jechuudha.
Aayah kanarraa barnoota fudhannu keessaa tokko: Qur’aana irraa fayyadamuuf
iimaanni (amanuun) barbaachisaadha. Aayah keessatti, “Dhugumatti kana
keessa ummata amananiif rahmataa fi yaadannootu jira.” waan jedheef.
Namoonni Qur’aanatti fayyadaman namoota amananiidha. Namoonni hin
amanne immoo homaayyu irraa hin fayyadaman. Inumaa, jallinna irratti jallinna
dabalatu.
“Kanaafu, akkuma namni iimaanni isaa cimuun, Qur’aanatti caalatti fayyadama.
Faallaa kanaa, akkuma iimaanni isaa dadhabaa ta’uun ykn badii baay’ee
hojjatuun, Qur’aana hubachuu fi itti fayyadamuu irraa fagaata. Ma’asiyaan namaa
fi Qur’aana hubachuu jidduu seenti.
ا إهلرك ﴿ نزلنره لركهتب ٱإهنا أ ه ٱب ق لر م بير ك حر ك لناسه ٱله رى
هما أ ٱب ل و لل
ا يما هنهي خصه هلرخائ ن ل فهره ٱو ١٠٥تك تغر ٱ سر ا لل ٱإهن لل يما ا رحه ورا ﴾١٠٦كن غف
“Wanta Rabbiin sitti agarsiiseen namoota jidduutti akka murteessituuf
dhugumatti Kitaaba haqaan gara keetti buufne. Gantootaaf falmaa hin
1 Tafsiir Muyassar-402 2 Tafsiir Tahriir wa tanwiir-21/15
87
ta’in. Rabbiin araarama kadhadhu. Dhugumatti Rabbiin Araaramaa,
Rahmata godhaadha.” Suuratu An-Nisaa 4:105-106
Aalimoonni aayaata tanniin irraa araarama kadhachuun (istighfaarri) yeroo murtii
haqni ifa akka ta’uuf sababa ta’a jechuun baasan. Sababni isaas, aayah keessatti
istighfaara dubbachuun gara fuunduraatti bu’aa akka qabu agarsiisa. Namni
yommuu Rabbiin araarama kadhatu, kuni hubannaa fi beekumsaaf furtuu ta’a.
Sababni isaas, zanbiin (badiin) namaa fi tawfiiqa (milkaa’inna) jidduu seenun
gufuu ta’a. Rabbiin olta’aan ni jedha:
ب ون ﴿ سه هههم ما كن وا يكر ق ل وب بلر ران عل ﴾١٤كل
“Haa dhorgaman! Dhugumatti Wanti hojjataa turan qalbii isaanii
haguuge.” Suuratu al-Muxafifin 83:14
Kanaafi, yommuu wanti isaan hojjatan qalbii isaanii haguuge, Qur’aanni hog-
barruu warra duriiti jedhan. Qur’aanattis hin fayyadamne.”1
Dubbiin erga akkana ta’e, namni Qur’aana irraa fayyadamuuf:
1 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 296-297
88
“Istighfaara” jechuun “araarama kadhachuu” dha. Asitti wanti barbaadame,
“Akka badii namaaf dhoksu, haaquu fi irra namaaf darbuu Rabbii olta’aa irraa
araarama kadhachuudha.” Akkaatan araarama itti kadhatan Nabiyyi (SAW) irraa
gabaafame jira. Mee san keessaa tokko haa dhiyeessinu:
العظيم الذي لا إله إلا هو الحي القيوم وأتوب إليه أستغفر الل
“Astaghfirullah-al-aziima-llazi laa ilaaha illa huwal-hayyul-qayyuum wa
atuub ileyh.”
Rabbii Guddaa kan Isa malee haqaan gabbaramaan hin jirre, Jiraataa, Al-
Qayyuum ta’e araarama kadha, gara Isaatti deebi’as.
Hiika jechoota: Astaghfirullah-Rabbiin araarama kadha, Al-Aziim-
Guddaa, allazi-Kan, Laa-hin jiru, ilaaha-haqaan gabbaramaan, illa-malee,
huwa-Isa, Al-Hayy-Jiraataa, Al-Qayyuum- Of-Danda’aa homattu hin
hajamne, uumamtoota hundaa Kan dhaabe (jiraachisuu fi eegu). atuub-
deebi’a, ileyh-gara Isaatti
Maddi: Jaami’u At-Tirmizii-3577
Namni akkuma istighfaara baay'isuun qalbiin isaa xurii dilii (cubbuu) irraa
qulqulloofti. Kanaafu, haqa sirritti argiti jechuudha. Qalbiin namaa akka
manasxiriiti. Manasxiriin yoo xuroofte, namni wanta fuundura isaa jiru sirritti hin
argu. Garuu manasxirii tana yoo bishaanin ykn sooftin qulqulleesse, sirritti arga.
Haaluma kanaan, qalbiin cubbuun yoo xuroofte haqa arguu fi beekumsa
hubachuun itti ulfaata. Garuu yoo istighfaara baay'isuun ishii qulqulleesse, haqa
sirritti arga, beekumsa ni hubata.
89
Sobatti amananii Rabbii olta'aatti kafaruu (amanuu
diduu)
ه ﴿ لم ما فه لله ٱق لر كف ب ا يعر مر شههيدا ته ٱبيرنه وبيرنك رضه ٱو لسمو لر
ه لهين ٱو ه لربطهله ٱءامن وا ب وا ب م لله ٱوكفر ئهك ه ول
ون ٱأ ﴾٥٢لرخسه
“Jedhi, ‘Anaa fi isin jiduutti ragaa ta’uuf Rabbiin gahaadha. Inni
wanta samiiwwanii fi dachii keessa jiru ni beeka.’ Warroonni sobatti
amananii Rabbitti kafaran, isaan sun isaanumatu kasaartota.” Suuratu
Al-Ankabuut 29:52
Kana jechuun Yaa Rasuula! Warra si kijibsiisaniin akkana jedhi, “Anaa fi
isin jidduutti Rabbiin ragaa ta’uuf gahaadha. Ani Ergamaa Isaa ta’uu fi
Qur’aanni kuni Kitaaba Isaa ta’uu Rabbiin ragaa baha. Ammas, isin na
kijibsiisuu fi haqa ani fide fudhachuu didu keessan ragaa baha. Rabbiin
wanta samii torbanii fi dachii keessa jiru hunda ni beeka. Kuni Rabbiin
ragaa isaan irratti ba’uu kan agarsiisuudha. Sababni isaas, Rabbiin
subhaanahu wa ta’aalaa wantoota samii fi dachii keessa jiran hunda waan
beekuuf wanta namoonni kunniin hojjatan ni arga, ni beeka. Hundemaa
ragaa bahaan wanta ragaa irratti bahu kan arguu fi beekudha.
Warroonni sobatti amananii Rabbitti kafaran, isaan sun isaanumatu
kasaartota.”
Asitti sobni shirkiidha. Sobni faallaa haqaati. Namoonni shirkii hojjatan
wanta gabbaramaa (ilaaha) hin taane ilaaha jechuun gabbaru. Kunis, wanta
gabbaran kana gabbaramaadha jedhanii amanuudha. Kanaafu sobatti
amananii jiruu jechuudha. Wanti Rabbiin alatti gabbaramu soba. Rabbiin
subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
ن ﴿هأ هك ب ل و لل ٱذ ق ٱه ههه لر ون مهن د ون ع ن ما يدر
و ۦوأ ن لربطهل ٱه
لل ٱوأ
و ٱه ﴾٦٢لركبهير ٱ لرعله
90
“Suni waan Rabbiin [Gabbaramaa] haqaa ta’ee fi wantoonni isaan Isaa
gaditti gabbaran soba (baaxila) waan ta’eefi, Ammas Rabbiin Isatu olta’aa,
Guddaa ta’eefi.” Suuratu Al-Hajj 22:62
Rabbiitti kafaran jechuun immoo Tokkichummaan gabbaramu Isaa ykn
Gooftummaa Isaa mormuudha. Namoonni Isaan alatti wanta sobaa gabbaran
Tokkichummaa Isaa mormanii jiru.1 Akkasumas, namoonni saayinsitti bulla
jechuun “uumamtoonni ofumaan of uuman. Sababa kanaan argaman. Uumaan
isaan hin uumne.” Jedhan, sobatti amananii Rabbitti kafaranii jiru.
Namoonni sobatti amananii Rabbiitti kafaran, isaan suni warra kasaaraniidha.
“Beeki! Kasaarun wanta jaallatan dhabuun ta’a. Akkasumas, wanti jibban namatti
bu’uunis ni ta’a. Namoota sobatti amananii Rabbiitti kafaran kanniinitti
dhimmoonni lamaan kunniin bu’anii jiru. Wanti barbaadamu isaan jala darbe,
wanta jibbamaattis kufan: mindaan guddaan Rabbiin warra Isatti amananiif
qopheesse isaan jala darbe. Wanti jibbamaan ibiddatti kufuudha. Rabbiin
kanarraa nu haa eegu. Dhimmoota lamaanu kasaaranu jiru.”2
Adabbii Ariifachiisu
ه ﴿ ل ونك ب جه تعر م لرعذابه ٱويسر سم ا لاءه جل مل أ ٱولور مر ل لرعذاب تةا وه م بغر هينه ت
رولأ
ون ع ر ه ٥٣يشر ل ونك ب جه تعر ه لرعذابه ٱيسر يطة ب حه فهرهين ٱوإن جهنم لم م ٥٤لرك ه شى يورم يغرمل ون مهن لرعذاب ٱ نت مر تعر ول ذ وق وا ما ك لهههمر ويق ررج
﴾٥٥فورقهههمر ومهن ترته أ
“Adabbii akka ariifachiistu sirraa barbaadu. Osoo beellama murtaa’ef
ta’uu baate, silaa adabbiin isaanitti dhufaa ture. Dhugumatti, osoo isaan hin
beekin tasa isaanitti dhufa. Adabbii akka ariifachiistu sirraa barbaadu.
Dhugumatti, Jahannam kaafirota ni marsiti. Guyyaa adabbiin gubbaa
isaanii irraa fi miila isaanii jalaan isaan haguugu, “wanta hojjataa turtan
dhandhama” jedha.” Suuratu Al-Ankabuut 29:53-55
Yaa Rasuula! Ummata kee keessaa mushrikoonni kunniin adabbii akka
ariifachiistu sirraa barbaadu. Osoo adabbii isaaniitiif Rabbiin qaxaroo
fuundurattis hin dabarre , duubattis hin butamne gochuu baate, silaa adabbiin 1 Tafsiir Tahriir wa tanwiir-21/17, Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/284 2 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 304
91
yeroo barbaadan sanitti isaanitti dhufaa ture. Dhugumatti, osoo isaan hin beekin
adabbiin isaanitti ni dhufa.
Adabbiin takkaa addunyaatti takkaa immoo Aakhiratti kan isaanitti dhufu ta’ee
osoo jiru addunyaa keessatti akka isaaniif ariifachiistu sirraa barbaadu.
Dhugumatti Aakhiratti adabbiin Jahannam gara hundaan isaan marsa. Gara itti
dheessan hin qaban.
Guyyaa Qiyaamaa adabbiin (azaabni) kaafirota mataa isaan gubbaanii fi miila
isaanii jalaan isaan haguuga. Gama hundaan ibiddi isaan haguuga. Yeroo sanitti
Rabbiin akkana isaaniin jedha: jazaa wanta addunyaa keessatti hojjachaa turtanii
dhandhamaa. Wanti isaan hojjachaa turan: Rabbiin waliin waan biraa gabbaruu
(waaqefachuu), yakkaa fi badii gurguddaatti taruudha.1
Aayah tana irraa barnoota barannu keessaa:
1ffaa-Namoonni adabbii Rabbiin waadaa galetti hin amanne, adabbii
kana akka salphaatti ilaalun dafee akka isaanitti dhufu barbaadu. Adabbiin
erga dhufee booda waan jalaa bahan isaanitti fakkaata. Akkasumas, yeroo
isaan barbaadanitti yoo dhufu baate, adabbiin kuni dhugaa akka hin
taanetti ilaalu. Kanaafi, yakkaa fi badii isaanii hojjachuu itti fufu.
2ffaa-Yeroon adabbii murtaa’adha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ogeessa
waan ta’eef adabbii namootatti hin ariifachiisu. Garuu adabbii kanaaf yeroo
murtaa’a kaa’e jira. Hanga yeroon Inni isaan adabuuf murteesse dhufutti isaan
hin adabu. Yeroon murtaa’an kuni dhufnaan jalaa bahuu hin danda’an. Namni
iccitii kana hin beekne zaalimota dachii badiin balleessan yommuu argu akkana
jedha, “Sila Rabbiin olta’aan badii isaanii kana hin dhaabsiisuu? Maaliif
zaalimota kana hin balleessinee?” Garuu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa waan
hundaafu hammaa fi yeroo murtaa’aa kaa’e jira. Yeroon murtaa’e yoo dhufe
wanti suni duubattis hin harkifatu, durattis hin darbu. Kuni seera Isaa hin
jijjiramneedha. Qur’aana keessatti:
مة ﴿ ه أ
ون ولهك م ده تقر ون ساعةا ول يسر ر خهرتأ مر ل يسر جل ه
هذا جاء أ فإ جل
﴾٣٤ أ
1 Tafsiir Muyassar-403
92
“Ummata hundaafu yeroo murtaa’etu jira. Yommuu beellamni (ajalli)
isaanii dhufe, sa’aati takkaaf duubatti hin hafan, duras hin darban.” Suuratu
Al-A’araaf 7:34
Yeroon murtaa’e (ajalli) yommuu gahu addunyaa keessa sa’aati takkaaf turuu hin
danda’an. Ammas, yeroo murtaa’e kana sa’aati takkaaf ariifachiisuu hin
danda’an, yeroon gahuun dura hin badan.
3ffaa- Kaafironni dachii badiin balleessan osoo addunyaa tana keessatti adabamu
baataniyyu Aakhiratti garmalee adabamu. “Adabbii akka ariifachiistu sirraa
barbaadu. Dhugumatti, Jahannam kaafirota ni marsiti.” Jedhu irraa ni
hubanna.
93
Karaa Rabbii keessatti Godaansa
ف لهين ٱيعهبادهي ﴿ هي عة فإ رضه وسهونه ٱءامن وا إهن أ ب د هقة ٥٦عر س ذائ نفر ك
ٱ رمورته ﴾٥٧ث م إهلرنا ت ررجع ون ل
“Yaa gabroottan Kiyya kanneen amantan! Dhugumatti dachiin Tiyya
bal’oodha. Kanaafu Ana qofa gabbaraa. Nafseen hundi du’a ni
dhandhamti. Ergasii gara Keenyatti deebifamtu.” Suuratu Al-Ankabuut
29:56-57
Kuni, biyya amanti ofii itti gaggeessu hin dandeenye keessaa gara biyya amanti
ofii itti gaggeessu danda’anitti godaanu akka qaban ajaja Rabbiin irraa warroota
amananiif darbeedha. “Yaa gabroottan Kiyya kanneen amantan! Dhugumatti
dachiin Tiyya bal’oodha. Kanaafu Ana qofa gabbaraa.” Kana jechuun yaa
gabroottan Kiyya kanneen amantan! iimaanaa ifatti baasu fi Rabbiin gabbaruu
irraa dhiphinna keessaa yoo taatan, gara dachii Rabbii bal’oo taatetti godaanaa.
Ibaadaas Ana qofaaf qulqulleessaa.1
Namni biyya amanti ofii sirnaan akka hin gaggeesine yoo itti dhiphifamee fi
rakkifame, gara biyya biraa amanti isaa sirnaan itti gaggeessutti akka godaanu ni
ajajama.
Fakkeenyaaf, gadaa Nabiyyii (sallallahu aleyh wassallam) mushrikoonni Makkaa
Muslimoota garmalee rakkisaa turan. Amanti isaanii akka hin gaggeessine,
inumaa amanti isaanii dhiisan rakkisaa turan. Muslimoonnis bakka amanti ofii
sirnaan itti gaggeessanitti godaanan. Kunis Habashaa fi Madiinadha.
Itti aanse wanta godaansa isaaniif laaffisu dubbate: “Nafseen hundi du’a ni
dhandhamti. Ergasii gara Keenyatti deebifamtu.” Kana jechuun: du’a irraa
sodaachuun godaansa irraa duubatti isin hin harkisin. Nafseen hundi yoo ajalli
ishii gahee biyya ishii keessatti taate, biyya biraatti taate du’a ni dhandhamti.
Yeroon barzakha jireenya jalqabaa fi jireenya lammata addaan baasu erga
1 Tafsiir Muyassar-403
94
xumuramee booda qorannoo fi jazaa Gooftaa keessanii qunnamuuf dirqamaan
gara jireenyaatti ni deebifamtu.1
Akka waan akkana jedhameeti: sababa Islaama qabachuutin yommuu rakkoon
namarra gahuu du’a sodaachuun godaanu dhiisun ykn inumaa Islaama irraa
duubatti deebi’un, hir’inna fi kasaaraa guddaadha. Jireenya mijaawa jiraachuf
godaansa yoo dhiistan duuti isin irraa hin haftu. Yoo godaansa dhiistanii Islaama
irraa duubatti deebitan kasaaraa malee wanti argattan hin jiru. Garuu Rabbiif
jettanii yoo godaantanii fi Islaama irratti obsitan, bu’aa baay’ee buufattu. Kanaafi
itti aanse bu’aa guddaa kana dubbate:
لهحته ٱءامن وا وعمهل وا لهين ٱو ﴿ هن لص م م هئنه ا تررهي مهن نةه لر ٱلن بو رفا غ نرهر ٱترتهها
ر لر جرم أ هعر هين فهيها ن ﴾٥٨لرعمهلهي ٱخله
“Warroota amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, dhugumatti Jannata irraa
manneen jireenyaa ol-fagoo jala isaanii laggeen yaa’an, achi keessa yeroo
hundaa kan jiraatan ta’anii isaan qubsiifna. Mindaan hojjattootaa waa
tole!” Suuratu Al-Ankabuut 29:58
Kana jechuun warroota Rabbii fi Ergamaa Isaa dhugoomsanii fi hojii gaggaarii
irraa wanta itti ajajaman hojjatan, Jannata irraa manneen jireenyaa dhedheeroo
jala isaanii laggeen yaa’an isaan qubsiifna. Achi keessa yeroo hundaa jiraatu.2
Mindaan namoota wanta Rabbiin gammachiisu hojjatanii waa tole! Mindaan kuni
Jannata keessatti manneen jireenyaa garmalee bareedanii fi ol fagoo ta’an
sanniini. Ergasii itti aanse warri amananii fi hojii gaggaarii hojjatan amaloota
babbareedo Jannata tana akka argataniif sababa isaaniif ta’e dubbata:
هههمر يتوك ون لهين ٱ﴿ رب وا وعل ﴾٥٩صب
1 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/291 2 Tafsiir Muyassar-403
95
"[Isaan] warra obsanii fi Gooftaa isaanii irratti hirkataniidha.” Suuratu Al-
Ankabuut 29:59
Amala 1ffaa: wanta Rabbiin akka hojjatan itti ajaje hojjachuu irratti ni obsan.
Wanta Rabbiin irraa dhoowwe hojjachuu irraas ni obsan. Akkasumas, rakkoo
isaan tuqe irrattis ni obsan. Rakkoo kana keessaa sababa amanti isaaniitiin wanta
kaafirota irraa isaan irra gahuudha.
Amala 2ffaa: Isaan Rabbiin qofa irratti hirkatu. Kuni ibaadaa qalbii keessaa isa
guddaa ta’eedha. Rabbiin irratti hirkachuutti (tawakkulatti) kan nama kakaasu
dhugummaa fi ciminna iimaanati. Akkuma namni iimaanni isaa sirrii fi cimaa
ta’uun Rabbii olta’aa irratti hirkata.
Rabbiin irratti hirkachuu jechuun sababa danda’amu hojjachuu waliin Rabbiif
harka kennuu, dhimmoota qindeessu fi wanta abdatan akka namaaf galma
geessuu Isaaf dhiisudha.1
Fakkeenyaaf, namni rizqii barbaadu,sababoota rizqii ittiin argatan ni hojjata.
Namni kuni karaa rizqii akka isaaf laaffisuu fi rizqii abdatu akka isaaf kennu
Rabbii olta’aa ni amana.
هن دابة ل ترمهل رهزرقها ﴿ هن م ي و لل ٱوكأ وه مر ها وإياك ز ق ﴾٦٠لرعلهيم ٱ لسمهيع ٱيرر
“Lubbu-qabeenyi irraa meeqatu rizqii isaanii kan hin baadhannetu jira.
Rabbiin isaanii fi isin ni soora. Inni Dhagahaa, Beekaadha.” Suuratu Al-
Ankabuut 29:60
Kana jechuun: Yaa namoota karaa Rabbii keessatti yommuu godaantan sababa
rizqii keessaniitiif tasgabbii barbaaddan! Lubbu-qabeenyin baay’een rizqii isaanii
kan hin baadhanne ta’uu ilaalaa. Rabbiin lubbu-qabeenyi kanniin karaa deemanii
fi iddoo qubannaa isaaniitti rizqii (soorata) isaaniif kenna. Akkuma kana, Rabbiin
tabaraaka wa ta’aalaa biyya keessan keessatti, bakka itti godaantanitti fi karaa irra
darbitanitti rizqii (soorata) isiniif kenna.
“Inni Dhagahaa, Beekaadha.” Kana jechuun sagaleen hanga fedhe gadi bu’aa
haa ta’uu Rabbiin sagalee hunda ni dhagaya. Sagalee kana keessaa kadhaa
1 Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/293
96
(du’aayi) rizqii keessaniif Isa kadhattaniidha. Ammas, wanta hundaa Kan
beekudha. Kana keessaa haala keessanii fi haajaa isin rizqiif qabdan beekuudha.1
Namni waa sadii yaadachuun Islaama irratti gadi dhaabbachu fi obsuu qaba.
1ffaa-duuti nama hundarraayyu hin ooltu. 2ffaa-mindaa Islaama irratti gadi
dhaabbachuu, 3ffaa-Rizqiin harka Rabbiiti.
Namoonni kan Islaama irraa duubatti deebi'aniif takkaa du'a sodaachun takkaa
immoo rizqii nan dhaba jedhanii sodaachun takkaa immoo shakkii qalbii isaanii
keessa jiruuni. Du'a sodaachun Islaama irraa duubatti deebi'uun dabeessummaa
fi kasaaradha. Duuti waan hin oolledha. Kanaafu, jireenya xiqqoo jiraachuuf
jedhanii Islaama irraa duubatti deebi'uun adabbiif of saaxiluun maal jedhamaa?
Rizqiis yoo ta'e Kan lubbu-qabeenyi hundaaf rizqii kennu Rabbiidha.
1 Madda olii
97
Rabbii olta'aan ala wanta biraa gabbaruun (waaqefachuun) sirriidhaa?
Wanti tokko sirrii ta'uu ykn dogongora ta'uu isaa akkamitti beekanii? Ragaa
qabatamaan beekanii miti ree? Ragaan qabatamaan yoo hin jiraatin wanti suni
sirrii miti. Namni wanta tokko kan waaqefatuuf faaydaa isarraa argachuuf ykn
miidhaa ofirraa deebisuuf barbaadeti. Akkasi miti ree? Wanti gabbaran kuni
faayda namaaf argamsiisuf faayda kan uumuu ta'uu qaba. Akkasumas, miidhaa
namarraa deebisuuf dandeetti qabaachu qaba.Rabbiin ala wanta hundaa kan
uumuu ni jiraa? Ammas, Isaan ala wanta hunda irratti dandeetti Kan qabu ni jiraa?
Wanta hundaa kan uumuu fi dandeetti irratti qabu Isa qofa erga ta'ee kan gabbaruu
(waaqefachuu) qaban eenyuu? Rabbiin qofa. Wanta waa uumuu hin dandeenye
ykn dandeetti homaatu hin qabne maal namaaf haa godhuuf gabbaranii
(waaqefatanii)?
م منر خلق ﴿ ه لرته ٱولئهن سأ رض ٱو لسمو
س ٱوسخر لر لرقمر ٱو لشمرول ن ٱلق ون لل فك ن ي ؤر
﴾٦١فأ
“Dhugumatti “Eenyutu samiiwwanii fi dachii uumee, aduu fi baatis
laaffisee?” jette yoo isaan gaafatte, dhugumatti “Rabbiidha” jedhu.
Kanaafu, akkamitti garagalfamuu?” Suuratu Al-Ankabuut 29:61
Yaa Rasuula! Mushrikoota akkana jettee yoo gaafatte: sirna dinqisiisaa kana
irratti samiiwwanii fi dachii eenyutu uumee? Aduu fi ji’a laaffisee?”, isaaniis
akkana jedhu, “Rabbii tokkichatu isaan uume.” Kanaafu, Rabbii Khaaliqaa fi
Too’ataa waa hundaa ta’eetti amanuu irraa akkamitti garagalanii wanta biraa Isa
waliin gabbaruu?1
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa samii fi dachii hin sochoone jireenya
namootaatiif ni uumee. Ergasii aduu fi ji’a ajaja Isaatiin socho’an ni uume. Samii
fi dachiin hanga Guyyaa Qiyaamaatatti bakka isaaniiti hin socho’an. Aduu fi
jiiyni immoo sarara isaanii qabatanii socho’u (deemu) itti fufu. Akkuma xaaraa
manaa irraa ampuulin gadi ifu, samii irraayis adu fi jiiyni gadi ifu. Kuni
fooyya’insaa fi faayda ilma namaatiif. Gara jalaatin immoo dachii keessaa
biqiltoonni ol-biqilu. Biqiltoonni kunniin ifa aduutti fayyadamuun firii kennu.
1Tafsiir Muyassar-403
98
Namoonni firii isaanii nyaatun jiraatu. Kanaafu, haala kanaan samii fi dachii
uumuun, aduu fi ji’a laaffisuun jireenya namaatiif Kan mijeesse Rabbiin ala kan
biraa jiraa? Wantoonni namoonni Rabbiin alatti gabbaran (waaqefatan) kana
gochuu danda’uu? Kana gochuu erga hin dandeenyee maaliif Rabbii tokkicha
haala kanaan rizqii namaaf laaffisu dhiisanii wanta nama hin fayyanne gabbaruu?
ط لل ٱ﴿ ق ٱيبرس هزر ه لر همن يشاء مهنر عهبادهه ر ل ۦل ده ء علهيم لل ٱإهن ۥ ويقر ه شرل هك ﴾٦٢ب
“Rabbiin gabroota Isaa keessaa nama fedheef rizqii bal’isa, [nama fedhe
immoo] itti dhiphisa. Dhugumatti, Rabbiin waan hundaa Beekadha.” Suuratu Al-Ankabuut 29:62
Yommuu mushrikoonni Muslimoota hiyyummaan isaan gadi xiqqeessanii fi
akkana jedhan: osoo haqa irra jiraattanii, hiyyeeyyi hin taatanii turtan.” Kuni
fakkeessudha. Kaafirota keessas hiyyeeyyin ni jiru turan. Rabbiin fakkeessaa
kana ni oofe. Akkasumas, yaada nama, “yoo godaanne baasii hin argannu.”
jedhee yaadus ni oofa. Rabbiin Khaaliqa wantoota kanaa ta’uu erga amantanii,
akkamitti Kan uumamtoonni hundi harka Isaa jiran, kan gabricha Isaa razzaquu
hin dadhabne rizqii keessatti shakkituu? Kanaafu, aayah armaan oli (61)
“Rabbiin gabroota Isaa keessaa nama fedheef rizqii bal’isa, [nama fedhe
immoo] itti dhiphisa.” Jedhuun wal qabsiise.
“Rabbiin gabroota Isaa keessaa nama fedheef rizqii bal’isa, [nama fedhe
immoo] itti dhiphisa.” (Kana jechuun Rabbiin namoota qormaatuuf gabroota
Isaa keessaa nama fedheef rizqii bal’isa, nama fedhe immoo itti dhiphisa. Kuni
hundi beekumsaa fi ogummaa (hikmaa) Isaa irratti kan hundaa’edha.)
Dhimmi rizqii iimaanaa fi kufriin gargar hin ta’u. Bal’isuu fi dhiphisuun Isa
irraayyi. Kanaafu, hiyyummaan nama gadi xiqqeessun hin jiru. Wanti hunduu
murtii Isaatiin.1
Kaafironni fi namoonni iimaanni isaanii dadhabaa ta’ee baay’inna rizqiitiin nama
madaalu. Namni qabeenya baay’ee qabaate kufrii hojjachuu yoo itti fufee, haqa
irra waan jiru isaanitti fakkaata. Faallaa kanaa, qabeenya xiqqaa ykn hiyyeessa
yoo ta’e sobarra waan jiru isaanitti fakkaata. Dubbiin akka isaan yaadani miti.
Kaafirota keessas, Muslimoota keessas namni dureessi fi hiyyeessi ni jira.
1Tafsiir Qurxubii-16/386
99
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota qoruuf nama fedheef rizqii bal’isa, kan
fedhe immoo itti dhiphisa. Nabii Suleymaan kana yommuu hubatu akkana jedhe:
“…Kuni tola Gooftaa kiyya irraa ta’eedha. Akka ani Isa galateefadhu moo
hin galateefanne na qoruuf [qananii kana naaf kenne].” (Suuratu Al-Naml
27:40)
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa yommuu qabeenya namaaf bal’isuu galata nama
kanaa qora. Galata ni galcha moo hin galchu? Yommuu qabeenya itti dhiphisuu
immoo obsa isaa qora. Ni obsa moo hin obsu?
Rabbiif galata galchuun kan ta’u: qananiin Isarraa akka ta’e amanuu, arrabaan Isa
faarsu, qalbiin Isaaf of gadi qabuu, wanta Inni jaallatu qananii saniin hojjachuu fi
wanta Inni jibbuu ittiin hojjachuu dhiisudha. Fkn, namni dureessi qabeenyi inni
qabu Rabbiin irraa akka ta’e yoo amane, Isa faarse, of tuuluu dhiisee qalbiin of
gadi qabee fi hiyeeyyi yoo ittiin gargaare, galata galchee jechuudha. Obsuunis
wanta itti ajajaman hojjachu itti fufuu, wanta irraa dhoowwaman dhiisu fi rakkoo
nama qunnameef dallanuu dhiisudha. Fkn, namni qabeenyi itti dhiphate, hanna
irraa yoo of qusate, obsee jiraa jechuudha.
100
م من نزل مهن ﴿ ه لرههه لسماءه ٱولئهن سأ يا ب حر
رض ٱماءا فأ
هها لر ت ده مور مهن بعرول ن ٱلق له لل
د ٱق مر قهل و لر مر ل يعر ث ه كره بلر أ ﴾٦٣ن لله
“Samii irraa bishaan buusee dachii du’a ishiitiin boodaa ittiin jiraachise
eenyu?” jettee yoo isaan gaafatte, dhugumatti, “Rabbii dha” jedhu. Jedhi,
“Faaruun kan Rabbiiti.” Garuu irra hedduun isaanii hin hubatan.” Suuratu
Al-Ankabuur 29:63
Namoota Rabbiin ala wanta biraa gabbaran akkana jettee yoo gaafatte: dumeessa
irraa eenyutu bishaan buusee dachiin erga gogdee booda bishaan kanaan
jiraachisaa?” dhugumatti, isaaniis, “kan kana hojjate Rabbiidha” jedhu. Dachii
jiraachisuun biqiltoota ishii keessatti biqilchuudha.1
Jedhi, “Faaruun kan Rabbiiti.” Jedhi: Faaruun kan Rabbii jallinna irraa
qajeelinna adda baasun ibsee fi soba mushrikoonni irra jiran ifa godheeti. Ammas
jedhi: Faaruun kan Rabbii addunyaa oliitii fi gadii uumee, too’annaa isaaniitiin
dhaabbate, isaaniif rizqii kenne, nama fedheef rizqii bal’isee fi nama fedhetti
immoo dhiphiseeti.2
Al-Hamd (Faaruu) jechuun jaalachuu fi ol guddisuu waliin faarfamaa amaloota
gugguutuun ibsuudha. Jaalalaa fi ol guddisuu kan jenneef jajuun akka keessaa
bahuufi. Jajuun amaloota gugguutuun nama jajamu ibsuun ta’a. Garuu jaalala fi
ol guddisuun ta’uu danda’a, jaalalli osoo hin jiraatin sababa sodaatin ta’uu
danda’a. Namtichi mootii abbaa irree zaalima ta’e fuundura dhaabbachuun: "ati
mootii kabajamaa, tola oolaa, haqummaan hojjataa eenyullee hin miinedha." yoo
jedhe, kuni jajuudha. Garuu jaalalaa fi ol-guddisuu irraa kan maddee miti.
Garaagarummaan faaruu fi jajuu jidduu jiru: jajuun dhugaa jiruun walitti galuu
danda’a, walitti galuu dhiisuus danda’a. Garuu faaruun dhugaa jiruun walitti
galuun dirqama.3
1 Tafsiiru Xabarii-18/439 2 Tafsiir Sa’dii-746 3 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 385
101
Kanaafu, al-hamd (faaruun)- jaallachuu fi ol-guddisuun faarfamaa amaloota
gugguutuun ibsuudha. Namni dhugaan “Alhamdulillah (Faaruun hundi kan
Rabbiiti)” jedhu Rabbii olta’aa jaallatu fi ol-guddisuu qaba.
“Garuu irra hedduun isaanii hin hubatan.” Yaa nama gara Rabbiitti waamu!
Mushrikoota baay’ee irratti ragaalee dhaabuun shirkii isaanii achi gatuun Rabbiin
malee Gooftaan biraa akka hin jirre, haqaan gabbaramaan Isa malee akka hin jirre
ni amanan jettee hin dharra’in. Kana irra, aqlii waan hin qabneef baay’een isaanii
soba isaanii irra turuu itti fufu.
Yaada sobaa abbooti irraa dhaalaniin sammuun isaanii waan haguuggameef
beekumsa hin hubatan. (Dhimma amanti isaanii keessatti wanta isaan miidhuu fi
fayyadu hin hubatan. Wallaalummaa isaanii irraa kan ka’e, Rabbii gadiitti wanta
biraa gabbaruun Rabbiitti waan dhiyaatan isaanitti fakkaata. sababa kanaan kan
badanii fi ibidda keessatti yeroo hunda (zalaalami) kan turan ta’uu hin beekan.)1
Ammas, isaan fedhii isaanii qabuu hin danda’an. Sababni isaas, fedhiin lubbuu fi
dharraan isaanii shirkii fi adeemsa keessatti wanta shirkiin wal qabateen garmalee
kan walitti hidhameedha.2
1 Tafsiiru Xabarii-18/439 2 Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/296
102
Jireenyi Haqiiqaa Tamiidhaa? Haqiiqaa jechuun wanta dhugaa ta'e, sobni fi faffakeessan kan keessa hin
jirreedha. Jireenyi addunyaa tuni iddoo qormaataa waan taateef ija namaa
keessatti faayamuun nama sobuu dandeessi. Jireenya tana keessatti har'a yoo
gammaddee oolte boru gadduu dandeessa. Wanti har'a bareedu boruu fokkuu ta'e
sitti mul'achuu danda'a. Jireenyi tee wantoota adda addaatin tan booroftu taate
argatta. Kanaafu, jireenyi dhugaa sobni keessa hin jirree fi qulqulluu hin boorofne
tamiidhaa? Jireenyi addunyaa osoo dhugaa sitti fakkaattu boru soba ta'uu
dandeessi. Har'a qulqullinnaa fi mijaa'inna keessa osoo jirtu boru boora'innaa fi
jeequmsa keessatti taruu dandeessa. Kanaafu, jireenyi dhugaa kana hundarraa
qulqulluu taate eessatti argannaa? Mee deebii kanaa aayah armaan gadi keessa
haa barbaannu:
ه ﴿ ه ة ٱوما هذه يو ٱ لر نريا و ولعهب وإن إهل ل رة ٱ لار ٱ لهر لأخه يوان ٱلهه لور لرون لم ﴾٦٤كن وا يعر
“Jireenyi addunyaa tuni bashannanaa fi tapha malee homaayyu miti.
Dhugumatti, Gandi Aakhirah ishimatu Jireenya Dhugaati, osoo kan beekan
ta’ani!” Suuratu Al-Ankabuut 29:64
Jireenyi addunyaa tanaa maalidhaa bashannanaa fi tapha malee. Sababa faaya fi
mi’aan keessa jiruun qalbiin itti bashannanti, qaamni ni taphata. Ergasii faayni fi
mi’aan addunyaa tanaa yoosu bada. Dhugumatti gandi Aakhirah jireenya dhugaa
itti fuftu taatee fi duuti keessa hin jirreedha. Osoo namoonni kana beekanii silaa
ganda hafuu fi turaa dhiisanii ganda baduu hin filatanu turan.1
Jireenyi addunyaa jireenya Aakhiraatin yommuu wal bira qabamtu bashannanaa
fi tapha malee homaayyu miti. Namni hojii hojjatu keessatti jaalala Rabbiiti fi
mindaa Aakhirah argachuuf yoo hin kajeelin hojiin isaa tapha. Sababni isaas,
akkuma taphni erga taphatanii booda bu’aan isaa badu, hojiin nama kanaas yeroo
muraasan booda ni bada. Aakhiratti mindaa waan hin kajeelleef addunyaa
keessatti ni bada, itti fufiinsa hin qabu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
1 Tafsiiru Muyassar-404
103
ة ٱمن كن ي رهيد ﴿ يو نرياٱ لر مر فهيها ل مر فهيها وه مله عره إهلرههمر أ وزهينتها ن وف
ون برخس ئهك ١٥ل ي ول
مر فه لهين ٱأ رةه ٱليرس له ٱإهل لأخه وا لنار وحبهط ما صنع
م ل ما كن وا يعر ﴾١٦ل ون فهيها وبطه
“Namni jireenya addunyaatii fi faaya ishii barbaadu, [firii] hojii
isaanii ishii keessatti guunnee isaaniif kennina. Isaan ishii keessatti hin
hir’ifaman. Isaan sun warra Aakhiratti ibidda malee homtu isaaniif
hin jirreedha. Wanti isaan ishii keessatti dalagaa turan bade, wanti
isaan hojjataa turanis gati-dhabeessa.” Suuratu Huud 11:15-16
Kana jechuun namni haala itti fufaan jireenya addunyaa tanaati fi faaya
ishii qofa barbaadu, firii hojii isaanii irraa wanta isaaniif hirame osoo hin
hir’isin haala guutuu ta’een addunyaa keessatti isaaniif kennina. Isaan sun
Aakhiratti ibidda Jahannam malee homtu isaaniif hin jiru. Faaydan hojii
isaan hojjatanii bade. Hojiin isaaniis gatii kan hin qabneedha. Sababni
isaas, isaan jaalala Rabbii argachuuf hin hojjanne.
Hojiin gaggaarriin namoonni kunniin jireenya addunyaa keessatti hojjataa
turan Guyyaa Murtii jalaa bada. Kanaafu, mindaa homaatu irratti hin
argatan. Sababni isaas, isaan Rabbiitti, Ergamaa Isaatti, kitaaba Isaatti fi
Guyyaa Aakhiratti kan hin amanne turan. Akkasumas, addunyaa keessatti
hojii gaarii hojjatan jaalala Rabbii barbaaduun hin hojjanne. Kanaafu Isa
biratti mindaan homaatu isaanif hin malu.1
Faallaa kanaa, hojiin gaggaariin jaalala Rabbii barbaadu fi mindaa
Aakhirah kajeelun hojjatame, hojii turaa hin banneedha. Gonkuma tapha
hin ta’u. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
1 Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-10/342-343, Tafsiir Muyassar-223
104
رمال ٱ﴿ ن ون ٱو ل ةه ٱزهينة لر يو ٱ لر يا نر لهحت ٱ لربقهيت ٱو ل هك لص عهند رب خيررملا
أ ﴾٤٦ثواباا وخيرر
“Qabeenyi fi ilmaan faaya jireenya addunyaati. Hojiiwwan gaggaarii turaa
ta’antu Gooftaa kee biratti mindaadhaan irra caala, ammas abdiidhaan irra
caala.” Suuratu Al-Kahf 18:46
Hojiiwwan gaggaariin turan hojiiwwan Rabbiin gammachiisanii fi jaalala Isaa
ittiin barbaadaniidha. Hojiiwwan kunniin yeroo hundaa kan turaniidha. Sababni
isaas, mindaan isaanii Guyyaa murtii ganda qananii (Jannata) keessatti kan hafuu
fi yeroo hundaa kan turuudha. Hojiiwwan gaggaariin akka mindaatti qabeenyaa
fi ijoolle caala. (Faaydan qabeenya fi ijoollee irraa argamu kan baduudha.
Garuu mindaan (ajriin) hojii gaarii yeroo hundaa turaadha.) Wanti mu’minni
hojii gaarii irraa abdatu wanta qabeenyaa fi ijoollee irraa abdatu caalaa
guddaadha.
105
106
Yeroo Rakkoo Rabbiitti warwaatanii yeroo mijaa’innaa
immoo qananii Isaa waakkachuu
هذا ركهب وا فه ﴿ لركه ٱفإ ا لرف ي ل لل ٱدعو رلهصه هين ٱم مر إهل ل ه ه ٱفلما نجى ب ر إهذا ل
ون هك مر ي شر ون ٦٥ه لم فسورف يعر وا تمتع مر وله هما ءاتيرنه وا ب ر ف كر ﴾٦٦له
“Yeroo doonii yaabbatan, amanti Isaaf qulqulleessuun Rabbiin waammatu.
Yommuu Inni gara lafaatti nagaha isaan baase, yeroma san Rabbiitti
qindeessu. Wanta isaaniif kennine waakkachuu fi qanani’uuf [Rabbitti
qindeessu]. Gara fuunduraatti ni beeku.” Suuratu Al-Ankabuut 29:65-66
Kaafironni yommuu galaana keessatti dooni yaabbatanii fi bishaanin nyaatamu
sodaatan, Rabbiin ni tokkichoomsu. Yeroo rakkoon isaanitti cimuu fi danbaliin
galaanaa gara hundaan isaan marsu, kadhaa Isa qofaaf godhu. Asitti amantiin
du’aayi (kadhaadha). Namoonni kunniin wanta gabbaraa turan dagatanii Rabbiin
qofa kadhatu. Yommuu Rabbiin subhaanahu gara lafaatti isaanii baasee fi
rakkoon isaan irraa deeme, yoosu gara shirkii isaaniititti deebi’u.1 Kana jechuun
Rabbiin ala wanta biraa gabbaruutti fiigu.
Dhibeen nafsee isaanii gara dhimmoota lamaatti deebi’a:
1ffaa-qananii Gooftaan isaanii lakkoofsa hin qabne isaaniif kenne waakkachuu
keessatti fedhii guddaa qabaachu. Of tuuluu irraa kan ka’e qananii kana irratti
Isa faarsuu fi galata Isaaf galchuu hin barbaadan. Kana “wanta isaaniif
kennine waakkachuuf” jedhu keessatti ni arganna. Wanta waakkachuu
isaaniitiin wal qabate keessaa tokko: ma’asiyaa keessatti taruudha. Kanaafu,
wanta Gooftaan isaanii itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisun Isaaf
hin ajajaman.
2ffaa: badii hojjachuuf of gadi furuu fi faayda addunyaa irraa wanta fedhen
hundatti fayyadamuu. Kana “qanani’uuf” jedhu keessatti ni arganna.2
1 Tafsiiru Muyassar-404 2 Ma’aariju tafakkuri-15/298
107
“Gara fuunduraatti ni beeku.” Kana jechuun badiinsa hojii isaaniitii fi adabbii
laalessaa Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa isaaniif qopheesse gara fuunduraatti ni
beeku.
ا وي تخطف ﴿ نا جعلرنا حرما ءامهناا أ و لمر يرور
فبه لناس ٱأ
أ هههمر ل لربطهله ٱمهنر حور
مةه هنهعر مهن ون وب ون لله ٱي ؤر ر ف ﴾٦٧يكر
“Namoonni naannawa isaaniitti kan bubbutaman ta’anii osoo jiranu akka
Nuti [Makkaan] Harama nagahaa goone hin arginee? Sila baaxilatti
amananii qananii Rabbii waakkatuu?” Suuratu Al-Ankabuut 29:67
Harama jechuun wanta kabajaa fi guddinna qabuudha. Sila kaafironni Makkaa
Rabbiin isaaniif Makkaan iddoo kabajamaa nagaha ta’ee akka godhee hin
arginee? Jiraattonni Makkaa achi keessatti ofii fi qabeenya isaanii irratti nagaha
ta’u. Namoonni Makkaan ala jiran immoo ni bubbutamu. Kana jechuun wal
ajjeesu, wal saamu.
Yeroo Jaahiliyyah jiraattonni Makkaan ala jiraatan nageenya hin beekan. Isaan
irratti duulama, ni ajjeefamu, ni booji’amu. Qabeenyaa fi dubartoonni isaanii ni
saamamu. Garuu warri Makkaa nageenya keessa ta’u. Inumaa, namni nama abbaa
isaa ajjeese Harama keessatti ni arga. Garuu isa hin ajjeesu. Haa ta’uu malee,
Haramaan alatti ajjeechaa, booji’amuu fi saamichaa ni argita. Kanaafu, qananiin
nageenyaa Qureeshota irratti qananii guddaadha. Qananii kana galataa fi
Ergamaa Rabbii dhugoomsun deebisuun isaan irra jiraa ture.
“Sila baaxilatti amananii qananii Rabbii waakkatuu?” Kana jechuun shirkiitti
amananii qananii Rabbii waakkatuu?1
Shirkiin soba (baaxila). Namni Rabbiin alatti wanta biraa gooftaa jedhe yoo
gabbare (waaqefate) sobatti amanee jiraa jechuudha. Qananii Rabbii kan akka
qabeenyaa, beekkamtii, nageenyaa, hoggantummaa fi kanneen biroo kan Rabbiin
isaan qananiise waakkatu. Sababni isaas, qananiiwwan kunniin gara Rabbiif
1 Tafsiir Xabarii-18/443
108
ajajamuutti deebi’uun galata galchuu barbaachisa. Namni qananiin baay’achuu
waliin ma’asiyaa irra yoo ture, kanaan qananii kan waakkatu ta’a.1
لم مهمنه ﴿ ظرى ٱومنر أ ه لله ٱعل فرت ور كذب ب
با أ ه ٱكذه ق ليرس ۥ لما جاءه لر
أ
فهرهين هلرك ى ل ﴾٦٨فه جهنم مثروا
“Nama Rabbiin irratti kijiba uumee yookiin yommuu haqni isatti
dhufe haqa kijibsiisee caalaa namni zaalimni eenyuu? Sila
kaafirootaaf iddoon jireenyaa Jahannam keessa mitii?” Suuratu Al-
Ankabuut 29:68
Kana jechuun nama Rabbiin irratti kijibee jallinnaa fi soba irra jiru Rabbii
olta’aatti maxxanse yookiin haqa Rabbiin Ergamaa Isaa Muhammadin ittiin erge
kijibsiisee caalaa namni zaalimni hin jiru. Nama Rabbiitti kafaree, tokkichummaa
Isaa waakkatee fi Ergamaa Isaa Muhammadin (SAW) kijibsiiseef Jahannam
keessa iddoo jireenyaatu jira.2
Rabbiin irratti kijiba uumuun gosoota baay’ee qaba. Isaan keessaa: wanta Rabbiin
haraama hin goone namni tokko wanti kuni haraama yoo jedhe, Rabbiin irratti
kijiba uumee jira.
Namni Rabbiin shariika ykn ilma qaba jedhe, Rabbiin irratti kijiba uumee jira.
Akkasumas, namni osoo wahyiin isatti hin buufamin, wahyiin natti bu’ee jedhe
Rabbiin irratti kijiba uumee jira. Namni kana hojjate nama hundarra zaalima
(daangaa darbee fi haqa irraa jallateedha.) Akkasumas, namni yommuu haqni
Gooftaa isaa irraa isatti dhufu kijibsiisee, zaalima. Kan jalqabaa kijiba kan
uumudha, kan lammata immoo haqa kan kijibsiisuudha.
ب لنا وإن لهين ٱو ﴿ مر س ينه ده وا فهينا لنهر نهي ٱلمع لل ٱجهد سه حر رم ﴾٦٩ل
1 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 407 2 Tafsiir Muyassar-404
109
“Warroota karaa Keenya keessatti qabsaa’an- dhugumatti karaalee
Keenyatti ni qajeelchina. Dhugumatti, Rabbiin toltuu hojjattoota waliin
jira.” Suuraa Al-Ankabut 29:69
Jihaada (qabsoo) jechuun: galma (kaayyoo barbaadan) gahuuf humna cimaa
baasudha. “Warroota karaa Keenya keessatti qabsaa’an- “ kana jechuun
namoota diinii Rabbii keessatti, shari’aa Isaa ibsuu, waan gaariitti ajajuu fi waan
badaa irraa dhoowwu, wanta dhoowwame irraa nafsee ofii qabuu fi wanta
dirqama ta’ee akka hojjattu taasisuu fi jecha Rabbii ol’aansuuf kaafirotaan loluu
keessatti qabsaa’an, jazaan (mindaan) ariifatan isaan argatan: “dhugumatti
karaalee Keenyatti ni qajeelchina.”1
Karaaleen Rabbii hojiiwwan jaalalaa fi mindaa Isaatti nama geessaniidha.2
Qajeelchuun gosa lama: beekumsaan qajeelchu fi hojiin qajeelchu. Beekumsaan
qajeelchu yommuu jennu gara beekumsa sirrii ta’etti qajeelchu. Hojii gaarii fi
badaa, sobaa fi haqa addaan baasutti qajeelchudha. Hojiin qajeelchu jechuun
immoo wanta beeke hojii irra akka oolchu dandeesisuudha. Namni qabsoo isaa
keessatti dhugaa ta’ee fi ikhlaasa qabaate, Rabbiin beekumsaa fi hojiin isa
qajeelcha.
Rabbiin azza wa jalla qabsaa’ota (mujaahidota) kanniin toltu hojjattoota
(muhsinuun) akka ta’an ni ibse. Isaan qabsoo isaanii keessatti akka waan Rabbiin
arganitti warra Isa gabbaraniidha. Kuni ikhlaasni isaanii guutuu ta’u fi hojii
bareechisanii hojjachu agarsiisa.
“Dhugumatti, Rabbiin toltuu hojjattoota waliin jira.” kana jechuun
Rabbiin gargaarsaan, wanta sirrii qunnamsiisuu fi qajeelchuun isaan waliin jira.
Kuni kan agarsiisuu namoonni nama hunda caalaa wanta sirrii qunnaman warra
qabsaa’aniidha. Akkasumas, namni wanta itti ajajame bareechisee hojjate,
Rabbiin isa gargaara, sababoota qajeelinnaa isaaf laaffisa. Namni beekumsa
shari’aa barbaadu keessatti qabsaa’ee fi ciminnaan hojjate, qajeelinnaa fi
1 Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 413 2 Tahriir wa tanwiir-21/37
110
gargaarsi isaaf argama, dhimmi beekumsaa isaaf laafa. Sababni isaas, beekumsa
shari’aa barbaadun karaa Rabbii keessatti qabsaa’u keessaa tokko.1
Alhamdulillahi Rabbil aalamiin. Tafsiirri suuratu Al-Ankabuut asirratti
xumuramee jira.
1 Tafsiiru Sa’dii-747
111
Qunnamtiif:
Website: www.sammubani.com
Wordpress: https://sammubani.wordpress.com/
Facebook:https://www.facebook.com/jireenyabadhaatu/
Email: [email protected]