qophii: sammubani.com (jibriil abdallaa) · rabbii subhaanahu namoota irraa dhokataadha. addunyaa...

76
1

Upload: others

Post on 22-Oct-2020

81 views

Category:

Documents


1 download

TRANSCRIPT

  • 1

  • 2

    Qophii: sammubani.com (Jibriil Abdallaa)

  • 3

    QABIYYEE

    Seensa ................................................................................................................................... 4

    Maqaalee fi Sifaata Rabbii olta’aa muraasa.......................................................................... 5

    Gara Iimaanaa (amanuu) fi Arjoominnaa Waamu .............................................................. 14

    Namoonni Iimaanatti, Arjoominnaa Fi Qabsootti Dursan Mindaa fi Sadarkaan Isaanii

    Guddaadha .......................................................................................................................... 17

    Liqaa Gaarii ..................................................................................................................... 19

    Ifa Mu'mintootaati fi Gammachuu Isaanii .......................................................................... 23

    Guyyaa Munaafiqonni Ifa Dhabanii fi Dallaa Rahmataa Seenuu Irraa Dhoowwaman ...... 24

    Barnoota Asirraa Barannu ............................................................................................... 28

    Yeroon Qalbiin Warra Amananii Zikrii Rabbii fi Qur’aanaaf Laaftu Hin Geenyee? ......... 31

    Warri Sadaqatanii fi Karaa Rabbii Keessatti Qabeenya Ofii Arjooman Mindaa Dachaa

    Argatu ................................................................................................................................. 35

    Warri Rabbii fi Ergamtoota isaatti amanan warra sirritti dhugaa ta’aniidha ...................... 36

    Haqiiqaa (Dhugaa) Jireenya Addunyaa .............................................................................. 40

    3-Az-Ziinat (Faaya) ......................................................................................................... 44

    4-Dhaadannoo (At-Tafaakhur) ........................................................................................ 49

    5-Baay’ifachuu ................................................................................................................ 53

    Jireenyi addunyaa faaydaa nama gowwoomsituudha ..................................................... 55

    Guduunfaa ................................................................................................................... 61

    Gara araaramaa Gooftaa keessaniitii fi Jannataatti wal dursaa ........................................... 62

    Rakkoon isin tuqe durse kan galmaa’edha hin gaddinaa, qananiin isin argattanis dursee

    kan galmaa’edha ittiin of hin tuulinaa ................................................................................ 63

    Akka namoonni haqaan hojjataniif Ergamtoonni Ergaman ................................................ 66

    Amanti keessatti wanta haarawa uumuu ......................................................................... 70

    Badhaasa namni Rabbiin sodaatu fi Ergamaa Isaatti amane argatu .................................... 74

    Guduunfaa ........................................................................................................................... 75

  • 4

    SEENSA

    Alhamdulillah Rabbil aalamiin, hanga ammaatti gargaarsa Mawlaatin suuralee

    (boqonnaalee) Qur'aanaa waa'ee Guyyaa Qiyaamaa dubbatan ibsa waliin ilaalaa

    turreera. Dhugumatti, boqonnaaleen kunniin haala ajaa'ibaatin gahuumsa namaati fi

    waa'ee Qiyaamaa sirritti ibsu. Ragaalee qalbii yaqiinan (mirkaneefannaan) guutan

    dhiyeessu. Namni ragaalee kanniin arguun Qiyaamaan dhugaa ta'uu erga

    mirkaneefatee fi gahuumsi ilma namaa eessa akka ta'e erga beeke, gaafi kana

    gaafachuun isaa hin oolu: "Guyyaa Qiyaamaa fi Gahuumsa kana gahuuf maaltu na

    barbaachisaa? Namni jireenya addunya keessatti gahuumsa dhumaa gahuuf

    deemsarra jira. Kanaafu, gahuumsa dhumaa gahuuf akka galaatti (siinqiitti) maal

    qabadhee deemu qabaa?"

    Eeyyeen, Qur'aanni kana hundaaf deebii quubsaa ni kenna. Deebii kana kennuuf

    suuratu Al-Hadiid filanne. Suuratu Al-Hadiid namni gahuumsa dhumaa gahuuf maal

    gochuu akka qabu haala ajaa'ibaatin ibsiti. Jalqaba irratti, hundee iimaanaa kan ta'e

    Rabbitti amanuu irraa jalqaba. Sifaata (amaloota) Isaa ni dubbata. Kanaafu, galaa

    jalqabaa namni gahuumsa dhumaa gahuuf fudhachuu qabu iimaana waan ta'eef,

    sifaata Rabbii erga ibsee booda "Aaminu billah wa rasuulihi (Rabbii fi Ergamaa

    Isaatti amanaa)" jedha. Itti aansun qabeenya irraa akka arjooman affeera. Kuni galaa

    guddaa gahuumsa gahuuf nama gargaarudha. Itti aansun Qiyaaman haqa taate tuni

    yommuu dhaabbattu haala mu'mintootaa fi munaafiqoota dubbata. Mu'mintoonni

    amanuu fi hojii gaggaarii hojjachuun galaa (siinqi) qopheefataa waan turaniif

    Guyyaa dukkanaa san ifni isaan fuundura fiiga. Munaafiqonni immoo amanuu fi

    hojii gaari hojjachuu waan didaniif galaa hin qopheefanne. Kanaafu, ifa dhabuun

    dukkana keessa raata'u. Itti aansun warra amananii fi hojii gaggaari hojjatan ni

    faarsa. Mindaa isaanii ni dubbata. Achiin booda haqiiqa (dhugaa) jireenya addunyaa

    haala ajaa'ibaatin fakkeenyaan ibsa. In sha Allaah kanniin hundaa ibsa waliin

    bal'innaan ilaalla. Hanga xumuraatti waliin turuuf isin qophiidhaa? Suurah tanaan

    hurrii fi dukkanni baay'een akka namarraa deemu abdi qabna. Haa jalqabnu...

    https://sammubani.files.wordpress.com/2020/01/tafsiira-suuratu-al-qiyaamaaal-insaan-mursalaat-naba-fi-naaziaat.pdfhttps://sammubani.files.wordpress.com/2020/01/tafsiira-suuratu-al-qiyaamaaal-insaan-mursalaat-naba-fi-naaziaat.pdf

  • 5

    Maqaalee fi Sifaata Rabbii olta’aa muraasa

    يمه ٱ لَرِنَٰمۡحٱ ّلَله ٱِمۡسِب ﴿ ﴾لرَحهMaqaa Rabbii Ar-Rahmaan Ar-Rahiim ta’een [jalqaba]

    “(1)-Wanti samiiwwanii fi dachii keessa jiru hundi Rabbiin qulqulleessa. Inni

    Injifataa, Ogeessa. (2)-Mootummaan samiiwwanii fi dachii kan Isaati; ni

    jiraachisa ni ajjeesa. Inni waan hundaa irratti Danda’aadha. (3)-Inni Al-

    Awwal, Al-Aakhir, Az-Zaahir, Al-Baaxin. Inni waan hundaa beekadha.”

    Suuratu Al-Hadiid 57:1-3

    “Wanti samiiwwanii fi dachii keessa jiru hundi Rabbiin qulqulleessa.” Kana

    jechuun wantoonni samii torbanii fi dachii keessa jiran hundi Rabbii olta’aa

    hanqinna hundarraa Isa faarsuun qulqulleessu. Wantoonni samii fi dachii keessa

    jiran hundi Isaaf gadi jedhu, jabeenyaa fi aangoo Isaatiif masakamu. Kanaaf ni

    jedha: “Inni Injifataa Ogeessa.” Kana jechuun uumamtoota Isaa irratti

    Injifataadha, wanti hundi Isaaf gadi jedhu. Murtii Isaa jalaa gonkumaa bahuu hin

    danda’an. Wanti Isa injifatu tokkollee hin jiru. Uumamtoota uumuu, dhimmoota

    Isaanii qindeessu, ajajuu fi dhoowwu keessatti Inni Ogeessa. 1 Ogeessa jechuun

    beekumsa guutuu kan qabu, keessaa fi ala, jalqabaa fi xumura wantoota hundaa kan

    beekuu fi wanta hundaa bakka isaaf malu kan kaa’udha.2

    “Mootummaan samiiwwanii fi dachii kan Isaati;” Kana jechuun samiin torban,

    dachii fi wantoonni isaan keessa jiran hundi kan Isaati, aangoo guutuu isaan irratti

    qaba. Isaan keessatti wanti Isa diduu fi dadhabsiisu tokkollee hin jiru. Isaan keessatti

    1 Tafsiiru Muyassar-537, Tafsiiru Sa’dii-987 2 https://books.islamway.net/1/3813/12117/020_26.pdf

    https://books.islamway.net/1/3813/12117/020_26.pdf

  • 6

    ajajaa fi murtii Isaa hojii irra ni oolcha.3 Uumamtoota Isaa irratti aangoo guutuu

    qabaachuu fi isaan keessatti ajajaa fi murtiin Isaa hojii irra ooluu wantoota agarsiisan

    keessaa, jiraachisuu fi ajjeesudha. Ni jedha: “ni jiraachisa ni ajjeesa.” Kana

    jechuun akka fedhetti wanta tokko argamsiisuun uumamtoota Isaa irraa wanta fedhe

    ni jiraachisa. Kunis kan ta’u, copha bishaan saalaa du’aa ta’e marsaalee baay’ee

    keessa erga dabarsee booda lubbuu itti afuufun lubbu-qabeessa taasisuudha.

    Akkasumas, jireenyan booda lubbu-qabeenyi irraa wanta fedhe ni ajjeesa.4

    Jiraachisuu fi ajjeessu Rabbii olta’aa malee eenyullee hojjachuu hin danda’u. Namni

    ajjeechaaf sababa ta’aa malee gonkumaa lubbuu ykn ruuhi nama keessaa luqqisuu

    hin danda’u. Akkasumas, osoo namoonni addunyaa guutuu keessa jiran walitti

    qabamanii, wanta du’aatti lubbuu seensisu hin danda'an ykn jiraachisu yoo

    barbaadan gonkumaa jiraachisuu hin danda’an. Mee ilaali, faranjoonni boca qaama

    namaa ni kaasu, ni bocu. Garuu gonkuma boca kanatti lubbuu gochuu hin danda'an.

    Saayintistoonni seeli xiqqoo lubbuu qabdu uumuuf garmalee carraaqan, garuu

    gonkumaa kana gochuu hin dandeenye. Kanaafu, ajjeesu fi jiraachisu kan danda'u

    Rabbii olta'aa qofa.

    “Inni waan hundaa irratti Danda’aadha.” Inni wantoota hundaa irratti Dandeetti

    guutuu qaba. Wanti tokkollee Isatti hin ulfaatu. Wanti Inni fedhe ni ta’a, wanti Inni

    hin feene hin ta’u.

    Wanti guddaan asirraa barannu, samiin torban, dachii fi wantoonni isaan keessa jiran

    hundi kan Rabbii erga ta’anii, aangoo guutuu isaan irratti Kan qabu, wanta fedhe

    Kan jiraachisu fi ajjeesu Isa qofa erga ta’e, Haqaan Gabbaramaan Isa qofa.

    Wantoonni Isaan ala jiran aangoo fi qabaa Isaa jala jiru. Yoo Inni waa isaaniif kenne

    malee waa qabaachu hin danda’an. Kanaafu, Rabbiin ala wanta biraatiif gadi jechuu

    fi gabbaruun baaxila (soba guddaadha.) Ammas, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa

    waan hundaa irratti danda’aa waan ta’eef qorannoof, mindeessu fi adabuuf namoota

    du’an lamuu ni kaasa.

    “Inni Al-Awwal, Al-Aakhir, Az-Zaahir, Al-Baaxin. Inni waan hundaa

    beekadha.” “He is the First [nothing is before Him] and the Last [nothing is after Him],

    the Most High [nothing is above Him] and the Most Near [nothing is nearer

    3 Tafsiiru Xabarii-22/384 4 Madda olii

  • 7

    than Him]. And He is the All-Knower of every thing.” Suuratu Al-Hadiid 57:3

    Aayan akka ifa taatuf “Muhsin Khan” English Translation irraa fudhatame.

    Akka lugaatti awwal jechuun jalqaba (first), Aakhir jechuun booda (last), zaahir-

    olta’aa (most high), ifa bahaa, baaxin-keessa, dhokataa

    Kunniin maqaalee Rabbii olta’aa of eeggannoo guddaa barbaachisan waan ta’aniif

    mee gara hadiisaa fi aalimmani haa deebinu:

    Al-Awwal-Wantoota hundaa kan durse, uumamtoonni argamuun dura Jiraataa Kan

    ta’e, homtu Isa dura yookiin Isa waliin hin turre.5 Yeroo hundaa jiraataa ka’uumsa

    hin qabneedha. Wantoonni Rabbiin ala jiran hundi wanta argaman, ka’uumsa

    qabanii fi dhabamaan booda kan argamaniidha.

    Al-Aakhir-uumamtoonni erga badanii booda Kan hafuu fi turuudha.6 Yeroo

    hundaa jiraataa xumura hin qabneedha.

    Az-Zaahir-wanta Isaa gadi jiran hundaa ol Kan ta’eedha. Wanti Isaa ol ta’e

    tokkollee hin jiru.7

    Hiikkaa Qur’aanaa garii keessatti maqaa kana Ingiliffaan, “Manifest” Amaariffaan,

    “ግልፅም” jechuun hiikan. Tafsiira garii keessattis akkanuma jedhee waan ibsuuf

    akka dogongoraatti akka hin ilaalle. Ibsi kanaa: ragaaleen sifaata (amaloota) Rabbii

    agarsiisan ifa kan bahaniidha. Jiraachuun Isaa aduu caalaa ifa kan baheedha.

    Ammas, ragaaleen Tokkichummaa Isaa, dandeetti, beekumsaa fi ogummaa Isaa

    agarsiisan ifa kan bahaniidha.8

    “Al-Baaxin– keessa wantoota hundaa Kan beekuudha.

    ‘Nama keessaa fi ala isaa yommuu beekan’ Arabiffaan ni jedhama: “Baxantu

    fulaanan wa khabartuhu” (Ebaluun keessa isaa beeke). Rabbiin subhaanahu

    keessaa fi ala dhimmoota hundaa beeka.

    Sheykhu Sa’dii ni jedha: maqaan “Al-Baaxin” jedhu iccitii, wanta garmalee

    dhoksaa, garmalee xixiqoo fi haphii ta’an beeku agarsiisa. Akkasumas, haala

    guutuu ta’een dhiyoo ta’uu agarsiisa.”9

    Ammas hiika Qur’aanaa garii keessatti maqaa Al-Baaxin jedhu Ingiliffaan,

    “Hidden” Amaariffan “ስውርም” jechuun hiikan. Yeroo kanatti ibsi kanaa: Zaatni

    5 https://books.islamway.net/1/3813/12117/007_9_10.pdf 6 Madda olii 7 Tafsiiru Xabarii-22/385, https://books.islamway.net/1/3813/12117/008_11_12.pdf 8 Tafsiir Tahriir wa tanwiir-27/362 9 https://books.islamway.net/1/3813/12117/008_11_12.pdf

    https://books.islamway.net/1/3813/12117/007_9_10.pdfhttps://books.islamway.net/1/3813/12117/008_11_12.pdfhttps://books.islamway.net/1/3813/12117/008_11_12.pdf

  • 8

    Rabbii subhaanahu namoota irraa dhokataadha. Addunyaa tana keessatti namoonni

    Rabbii olta’aa ijaan arguu hin danda’an.

    Maqaalee armaan olii hadiisni Ergamaa Rabbii (SAW) haala kanaan nuuf ibsa:

    “Yaa Rabbii! Gooftaa samiiwwanii, Gooftaa dachii, Gooftaa Arshii guddaa,

    Gooftaa keenyaa fi Gooftaa waan hundaa taate. Sanyii fi firii Kan baqaqsu,

    Tawraat, Injiili fi Furqaana (Qur’aana) Kan buuse [Sihi]. Sharrii wanta kallacha

    isaa Ati qabde hundarraa Siin eeggama. Yaa Rabbii Ati Al-Awwal Si dura

    homtu hin turre. Ati Al-Aakhir Si booda homtu hin jiru. Ati Az-Zaahir

    homtu Si ol hin jiru. Ati Al-Baaxin homtu Si caalaa dhiyoon hin jiru. Ba’aa

    liqaa nurraa kaasi, hiyyummaa irraa nu duroomsi.” Sahiih Muslim 2713, Ibn

    Majah 3873

    “Ati Al-Baaxin homtu Si caalaa dhiyoon hin jiru.” Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa

    wantoota hundatti dhiyoodha, keessa isaanii sirritti Kan beekudha. Qur’aana

    keessatti:

    نَسَٰنَ ٱَولََقۡد َخلَۡقَنا ﴿ ههه ۡۡله قَۡرُب ۥ َنۡفُسهُ ۦَوَنۡعلَُم َما تُوَۡسوهُس بََوََنُۡن أ

    ﴾١٦لَۡورهيده ٱإهََلۡهه مهۡن َحۡبله “Dhugumatti, nama uumneerra. Waan lubbuun (nafseen) isaa itti hasaastus ni

    beekna. Nuti [beekumsa Keenyan] hidda dhiigaa caalaa gara isaatti

    dhiyoodha.”Suuratu Qaaf 50:16

    “Inni waan hundaa beekadha” samii fi dachii keessatti wanti Isarraa dhokatu

    tokkollee hin jiru. Xiqqaas guddaas, dhokataas ifa bahaas takka takkaan beeka.

    https://sunnah.com/muslim/48/82https://sunnah.com/ibnmajah/34/47https://sunnah.com/ibnmajah/34/47

  • 9

    “(4)-Inni samiiwwanii fi dachii guyyoota jaha keessatti Kan uume, ergasii

    Arshii irratti [olta’iinsa Isaaf malu] olta’eedha. Wanta dachii keessa seenuu fi

    wanta ishii keessaa bahu, wanta samii irraa bu’uu fi wanta ishii keessatti ol

    bahu ni beeka. Eessallee yoo taatan Inni isin waliin jira. Rabbiin waan isin

    hojjattan Argaadha. (5)-Mootummaan samiwwanii fi dachii kan Isaati,

    dhimmoonni hundi garuma Rabbii deebifamu. (6)-Halkan guyyaa keessa

    seensisa, guyyaas halkan keessa seensisa. Inni Beekaa wanta qoma keessa

    jiruuti.” Suuratu Al-Hadiid 57:4-6

    “Inni samiiwwanii fi dachii guyyoota jaha keessatti Kan uume, ergasii Arshii

    irratti [olta’iinsa Isaaf malu] olta’eedha.” Kana jechuun samii torban, dachii fi

    wantoota isaan keessa jiran guyyaa jaha keessatti Kan uume Isa. Samii fi dachiin

    mataa ofiitin of hin uumne. Akka falaasfonni gariin, “Heliyeemi fi Haydirojiiniin

    akkana ta’e, ergasii aduun, urjiileen, samii fi dachiin akkanatti argaman” jechuun

    odeessanii miti. Mataa ofiitiin wantoonni kunniin gonkumaa of qindeessuu fi bakka

    isaaniif malu qabachuu hin danda’an. Sababni isaas, wantoonni kunniin dhabama

    turan. Wanti duraan hin jirree ofiin of argamsiisu danda’aa? Kanarratti dabalatee,

    wanti lubbuu, beekumsa, dandeetti fi fedhii hin qabne ofiin of uumuun tartiiba

    ajaa’ibaa kana qabachuu danda’aa? Mee ilaali, tartiiba urjiilee fi pilaaneetonni

    hordofan. Hundi isaanitu osoo sarara (orbiiti) isaanii irraa hin gorin tartiiba qabatanii

    deemu. Kanaafu, eenyutu akkanatti tartiiba isaan qabsiise ree? Ammas gara samii

    ilaali. Baqaqiinsi, qaawwi fi wal darbuun homaatu keessa hin jiru. Kanaafu, samii

    torban, dachii fi wantoota isaan keessa jiran hunda Kan uume Rabbiin qofa.

    Wantoonni kunniin ofiin of hin uumne. Rabbiin ala wanti biraas isaan hin uumne.

    “ergasii Arshii irratti [olta’iinsa Isaaf malu] olta’eedha.” Kana jechuun samii

    torbanii fi dachii erga uumee booda Arshii irratti olta’iinsa Isaaf malu olta’e.10

    Arshiin uumama guddaa samii torbanii ol jiruudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa

    akkamitti Arshii ol akka olta’e nuti beeku hin dandeenyu. Kana ilaalchisee wanta

    imaamu Maalik jedhe dhiyeessun ni danda’ama:

    “Istawaan wanta wallaalame miti, akkaataa isaa wanta sammuun hubachuu hin

    dandeenyedha, isatti amanuun waajiba (dirqama), waa’ee isaa gaafachuun

    bid’aadha.”

    Kana jechuun hiikni istawaa wanta wallaalame miti. Hiikni isaa ni beekkama.

    “Istawaa” jechuun “olta’e” jechuudha. Garuu akkaataa Rabbiin subhaanahu wa

    10 Tafsiiru ibn Kasiir-7/169, Tafsiiru Xabarii-22/387

  • 10

    ta’aalaa Arshii ol olta’e sammuun namaa hubachuu hin danda’u. Rabbiin Arshii ol

    olta’iinsa Isaaf malu akka olta’e amanuun waajiba. Sababni isaas, Rabbitu Qur’aana

    keessatti beeksise. Qur’aanatti amanuu jechuun immoo wanta isa keessa jirutti

    amanuudha. “Waa’ee isaa gaafachuun bid’aadha” kana jechuun “Rabbiin akkamitti

    Arshii ol olta’e?” jedhanii gaafachuun bid’aa (wanta haarawa argameedha). Sababni

    isaas, sahaabonni waa’ee kanaa Nabiyyi hin gaafanne.

    “Wanta dachii keessa seenuu fi wanta ishii keessaa bahu, wanta samii irraa

    bu’uu fi wanta ishii keessatti ol bahu ni beeka.”

    Wanta dachii keessa seenu kan akka sanyii, bineensa, ilbiisota, rooba fi kkf hunda

    ni beeka. Wanta dachii keessaa bahu kan akka biqiltootaa, bineensota, albuudotaa fi

    kkf hunda ni beeka. Wanta samii irraa bu’u kan akka Malaykotaa, rooba,

    murtiiwwanii fi kan biroos ni beeka. Wanta gara samii ol bahuus kan akka

    Malaykootaa, hojii gabrootaa fi kan biroos ni beeka.11 Wantoota kanniin hunda

    lakkoofsa isaanii, hamma isaanii, bakka jiran takka takkaan beeka. Samii fi dachii

    keessatti wanti Isa jalaa miliqu tokkollee hin jiru. Sababni isaas, wantoota kanniin

    hunda Kan uume, qindeessu, too’atu fi aangoo guutuu irratti qabu Isa; Inni dandeetti

    fi beekumsa guutuu qaba.

    “Eessallee yoo taatan Inni isin waliin jira. Rabbiin waan isin hojjattan

    Argaadha.” Bakka kamiyyuu yoo taatan Rabbiin subhaanahu beekumsa Isaatiin isin waliin jira.

    Hojii isin hojjattan hunda takka takkaan beeka. Gara fuunduraattis hojii keessaniif

    jazaa isiniif kafala.12

    Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Arshii ol olta’uun, jecha “Eessallee yoo taatan

    Inni isin waliin jira.” jedhuun wal hin faallessu.Mee ibsa kanaa gara aalimmanitti

    haa deebisnu:

    Salafoonni (dhaloonni gaggaariin darban), “Eessallee yoo taatan Inni isin waliin

    jira.” jedhu,Inni isin ni beeka, dubbii keessan ni dhagaya, hojii keessan ni arga, isin

    irratti danda’aadha… jechuun ibsan. Arshii ol akka olta’e ni mirkaneessu.

    Sheykul Islaam ibn Taymiyah fi Ibn Useymiin (isaan lamaanifu Rabbiin rahmata

    haa godhu) ni jedhu: Rabbiin nu waliin jira. Garuu Inni nu waliin ta’uun akka namni

    11 Tafsiiru Sa’dii-988 12 Tafsiiru Muyassar-538

  • 11

    tokko nama biraa waliin bakka tokko keessatti waliin ta’uu miti. Rabbiin

    uumamtoota waliin ta’uun kan mirkanaa’edha. Inni wanta hundaa ol Arshii gubbaa

    olta’iinsa Isaaf malu ol ta’ee jira. Kana waliinu Inni nu waliin jira. Amaloota Isaa

    hunda keessatti wanti Rabbiin fakkaatu tokkollee waan hin jirreef, Inni uumamtoota

    waliin ta’uu fi Arshii ol olta’uu jidduu wanti wal faallessuu tokkollee hin jiru.

    Sheykhul Islaam ibn Taymiyaan kanaaf fakkeenya ji’aa dhiyeessa. Ni jedha: akkana

    ni jedhama, “Maa zilnaa nasiiru wal-qamaru ma’anaa. (Jiiyni osoo nu waliin jiruu

    deemu itti fufne.)” Jiiyni samii keessa jira. Kana waliinu “Jiiyni nu waliin jira.”

    jedhu. Jiiyni uumama xiqqaa ta’eedha. Kanaafu, Khaaliqni azza wa jalla Arshii ol

    olta’ee osoo jiru akkamitti uumamtoota waliin hin taane ree?”13 Rabbiin subhaanahu

    wa ta’aalaa Zaata Isaatiin Arshii ol jira. Garuu wantoota samii fi dachii keessa jiran

    hunda ni arga, ni beeka. Wanti argituu, beekumsaa fi dhageetti Isaa haguugu

    tokkollee hin jiru. Sababni isaas, amaloonni (sifaanni) Isaa sifaata (amaloota)

    uumamtootatin wal hin fakkaatan. Sifaanni Isaa kanneen akka waan hundaa beeku,

    arguu, dhagahuu kan uumamtootaa irraa adda. Inni waan hundaa ni beeka,ni arga,

    ni dhagaha.

    Mee akka dabalataatti Rabbiin Zaata Isaatiin Arshii ol olta’uu fi beekumsa,

    dandeetti fi aangoo Isaatiin umamtoota waliin ta’uu jidduu wal faallessuun akka

    hin jirree qabxiilee kanniin haa ilaallu:

    Tokko- Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Arshii ol olta’uu fi uumamtoota Isaa

    waliin ta’uu aayata armaan olii keessatti bakka tokkotti walitti fidee jira. Osoo kan

    wal faallessan ta'anii, silaa Rabbiin haala kanaan Of hin ibsu.

    Lama: Akkana jechuu dandeenya: hundemaa Olta’uu (uluww) fi waliin ta’uu

    (Ma’iyyah) jidduu wal faallessuun hin jiru. Sababni isaas, wanti tokko si waliin osoo

    jiru gubbaa irra (olta’aa) ta’uu danda’a. Akka fakkeenyatti wanta Araboonni jedhan

    keessaa: Al-Qamaru ma’anaa wa nahnu nasiiru (Osoo deemaa jirru jiiyni nu waliin

    jira.) Wa shamsu ma’anaa wa nahnu nasiiru (Osoo deemnu aduun nu waliin jirti).

    Jiyni fi aduun samii keessa jiru. Kana waliinu, “Osoo deemaa jirru, jiiyni nu waliin

    jira, aduun nu waliin jirti.” Jedhu. Kanaafu, uumamtoota keessatti olta’iinsi fi waliin

    ta’uun walitti galuu kan danda’amu yoo ta’e, Khaaliqaaf hunda caalaa olta’iinsi fi

    waliin ta’uun walitti galuu.

    Mee naaf himi, osoo namni tokko gaara gubbaa irra ta’ee loltootaan akkana jedhe:

    bakka fagoo dirree waraanaa deemaa, ani isin waliin jira. Namni kuni meeshaa

    13 Sharih aqiidatil waasixiyyah–[7.12MB] Jildii 1 fuula 402-403, ibn Useymiin

    https://ia800400.us.archive.org/16/items/waq51901/01_51901.pdf

  • 12

    wanta fagoo dhiyeessu ija ofii irra gochuun fagoo irraa isaan ilaala. Haala kanaan

    inni isaan waliin ta’a. Inni amma akka waan loltoonni isa fuundura jiraniitti isaan

    ilaala. Garuu inni isaan irraa fagoodha. Dhimmichi uumamtootaaf wanta ta’uudha.

    Khaaliqaaf maaliif hin taane ree?

    Sadii-Olta’iinsi fi waliin ta’uun altokkotti uumamtootaaf walitti galu kan ulfaatu

    osoo ta’ee, Khaaliqaaf olta’iinsi fi waliin ta’uun wanta ulfaatu miti. Sababni isaas,

    Rabbiin subhaanahu hunda caalaa guddaadha. Amaloota Khaaliqaa amaloota

    uumamtootaatin wal bira qabuun hin danda’amu. Khaaliqa fi makhluuqni

    (uumamni) garmalee gargar waan ta’aniif.

    Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhu: “Allaahumma anta saahibu fi safari wa khaliifatu

    fil ahli.” Kana jechuun “Yaa Rabbii Ati imala keessatti Saahiba keenya (kan nu

    gargaaru), maatii keenya Kan eegudha.” Sahiih Muslim 1342, Sunan An-Nasaa’i

    5501

    Imala keessatti isaaf Saahiba ta’uu fi maatii keessatti Khaliifaa ta’uu bakka tokkotti

    walitti fide. Uumamtootaaf altokkotti saahiba fi khaliifaa ta’uun hin danda’amu.

    Namni tokko imala keessatti hiriyyaa (saahiba) si waliin deemu fi maatii kee

    keessatti bakka kee bu’uun kan isaan eegu (khaliifaa) altokkotti ta’uu hin danda’u.14

    Takkaa si waliin deemu qaba, takkaa immoo duubatti hafee maatii kee eegu qaba.

    Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa amaloonni Isaa amaloota uumamtootaatiin waan

    wal hin fakkanneef waan hundaa irratti danda’aadha. Tuqaaleen armaan oli ifa.

    Namni kana hubachuu yoo dadhabe, Rabbii fi Ergamaa Isaatti amane, wanta Rabbiin

    jedhetti amane jechuu qabaa malee, “Kuni akkamitti ta’a?” jedhe kijibsiisu hin qabu.

    Wanti tokko takkamaan yoo namaaf hin galin suuta suuta akka namaaf galu

    dagachuu hin qabu.

    “Mootummaan samiwwanii fi dachii kan Isaati,” Samiiwwanii fi dachiin hundi

    kan Isaati, aangoo guutuu isaan irratti qaba. Sababni isaas, Kan dhabama irraa isaan

    argamsiisee fi uume Isa. Erga isaan uumee fi argamsiise wanta fedhe isaan irratti

    murteessu fi hojjachuu danda’a. “dhimmoonni hundi garuma Rabbii

    deebifamu.” Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa deebiin dhumaa fi gahuumsi dhimma

    uumamtoota Isaa hundi gara Rabbiiti. Murtii Isaatiin isaan jidduutti murteessa.15

    Nama waan gaarii hojjateef tola Isaatiin mindaa guddaa kennaaf, nama badii hojjate

    14 Madda olii 15 Tafsiiru Xabar-22/387, Tafsiiru ibn Kasiir-7/171

    https://sunnah.com/muslim/15/479https://sunnah.com/nasai/50/74https://sunnah.com/nasai/50/74

  • 13

    immoo adabbii isaaf malu adaba. Yookiin badiin isaa kufrii fi shirkii gadi yoo ta’e,

    yoo fedhe irra darbaaf.

    “Halkan guyyaa keessa seensisa, guyyaas halkan keessa seensisa.” Inni

    uumamtoota Isaa keessatti wanta fedhe hojjata, halkanii guyyaa ni jijjira. Ogummaa

    Isaatiin akka fedhetti hamma halkanii guyyaa murteessa. Yeroo garii halkan

    dheeressun guyyaa ni gabaabsa, yeroo garii immoo faallaa kanaati. Yeroo biraa

    immoo wal-qixxeessa.Waqtiilees bona, ganna, birraa fi badheessa godha. Kuni

    hundi ogummaa fi murtii Isaatiin adeemsifama.

    “Inni Beekaa wanta qoma keessa jiruuti.” Kana jechuun iccitii hundaa fi wanta

    qoma keessatti dhokate hunda beeka.16 Gaarii fi badaa namoonni qoma keessatti

    kuufatan, niyyaa fi yaada isaanii hunda takka takkaan beeka. Wanti dhokataan

    hundii Isaaf ifa.

    16 Tafsiiru muyassar-538

  • 14

    Gara Iimaanaa (amanuu) fi Arjoominnaa Waamu

    ه ﴿ ه ّلَله ٱَءامهُنواْ ب ۡسَتخۡ ۦَورَُسوله نفهُقواْ مهَما َجَعلَُكم مَُّ ََّلهينَ ٱلَفهنَي فهيههِۖ فَ َوأ

    ۡجٞر َكبهيٞ َنَفُقواْ لَُهۡم أ

    َ ﴾٧َءاَمُنواْ مهنُكۡم َوأ

    “Rabbii fi Ergamaa Isaatti amanaa, wanta Inni isa keessatti bakka buutota

    isin taasise irraas kennadhaa. Isin keessaa kanneen amananii fi arjooman,

    isaaniif mindaa guddaatu jira.” Suuratu Al-Hadiid 57:7

    Yaa namoota! Rabbitti amanaa, tokkichummaa Isaa mirkaneessaa. Ergamaa Isaattis

    amanaa, wanta inni Rabbiin irraa fide ilaalchise isa dhugoomsatii hordofaa. “Wanta

    Inni isa keessatti bakka buutota isin taasise irraas kennadhaa.” Kuni hiika lama

    qaba: Hiikni tokkoffaan: hundemaa qabeenyi isin qabdan qabeenya dhuunfaa osoo

    hin ta’in kan Rabbiin isiniif kenneedha. Rabbiin qabeenya kana akka amaanaatti isin

    bira godhe. Kanaafu, Qabeenyi kuni kan Isaa waan ta’eef, karaa Inni jaallatu

    keessatti baasu irraa duubatti hin harkifatinaa. Hiikni lamaffaan: Qabeenyi kuni

    duraan isin waliin hin turre, gara fuunduraattis zalaalamiif isin waliin hin turu.

    Kaleessa harka namoota biroo keessa ture, ergasii Rabbiin bakka isaanii akka buutan

    isin taasisee qabeenya kana isin dhaalchise. Yeroon ni dhufa yommuu qabeenyi kuni

    isin waliin hin turre. Kana irra, namni biraa isin irraa dhaala. Kanaafu, abbaa

    qabeenyummaa yeroo muraasaaf turu kana keessatti karaa Rabbii keessatti baasaa,

    Aakhiratti mindaa guddaa fi turaa badhaafamtuuti.17 (Jecha gabaaban: Qabeenya

    Rabbiin isiniif kennee fi namoota biroo irraa akka dhaaltan isin taasise wanta Inni

    jaallattu irratti baasaa. Kan akka sadaqaa kennu, Masjiida ijaaru, Islaama babal'isuuf

    arjoomu fi kkf.)

    “Isin keessaa kanneen amananii fi arjooman, isaaniif mindaa guddaatu jira.”

    Kana jechuun yaa namoota! Isin keessaa warroonni Rabbiitti fi Ergamaa Isaatti

    amananii fi qabeenya Rabbiin isaaniif kennee fi namoota darban irraa isaan

    dhaalchise karaa Isaa keessatti arjooman, isaaniif mindaa guddaatu jira. Mindaan

    guddaan kuni Jannata.18

    17 https://www.englishtafsir.com/Quran/57/index.html#sdfootnote9sym, Tafsiiru

    Qurxubii-20/238

    18 Tafsiiru Xabarii-22/389, Tafsiiru Qurxubii-20/238

    https://www.englishtafsir.com/Quran/57/index.html#sdfootnote9sym

  • 15

    ه ﴿ هُكۡم َوقَۡد لَرُسوُل ٱوَ ّلَله ٱَوَما لَُكۡم ََل تُۡؤمهُنوَن ب هَرب ُۡؤمهُنواْ ب يَۡدُعوُكۡم ِلهۡؤمهنهنيَ َخَذ مهيَثََٰقُكۡم إهن ُكنُتم مُّ

    َ ﴾٨أ

    “Akka Gooftaa keessanitti amantaniif Ergamaan osoo isin waamuu fi Inni

    waadaa keessan isin irraa fuudhee osoo jiruu, maaltu isiniif jiraa Rabbitti hin

    amannee? Kan amantan yoo taatan, [gara amantii ariifadhaa].” Suuratu Al-

    Hadiid 57:8

    Kana jechuun yaa namoota! Osoo Rasuulli gara Tokkichummaa Rabbii fi ajajoota

    Isaatti isin waamuu fi Rabbiin kana irratti waadaa isin irraa fuudhee osoo jiruu, uzrii

    (sababa) maaltu isiniif jiraatiyyi Tokkichummaa Rabbiitti hin amanne, ajajoota Isaa

    hin hordofnee?19

    Rasuulli (Ergamaan Rabbii) (SAW) ragaalee ifaatin osoo gara iimaanaa isin waamu,

    amanuu irraa maaltu isin dhoowwaa? Akka amantaniif ragaalee fi mallatoolee ifaa

    Nabiyyii (SAW) irratti buusee jira. Guyyoota keessaa guyyaa tokko Rabbitti

    amanuu yoo barbaaddan, amma amanuun waqtii hundarra mijaa’a ta’eedha. Sababni

    isaas, Rasuulli (SAW) wanta isin biratti sirrii ta’uun isaa ragaaleedhaan

    mirkanaa’etti waama. Akkasumas, ragaalee fi mallattoolee ifaa Gooftaa keessan

    irraa isinitti fidee jira. Kanaaf ni jedha:

    ه ََّلهيٱُهَو ﴿ ه َٰ َعۡبده هُل لََعَ هَن ۦ يَُن ُۡخرهَجُكم م ههَنَٰٖت َل لَُمَٰته ٱَءاَيَٰتِۢ َبي لظُّ

    يمٞ ّلَلَ ٱِإَوَن نلُّوره ٱإهََل هُكۡم لََرُءوٞف رَحه ﴾٩ب“Inni dukkana keessaa gara ifaatti akka isin baasuuf Aayaata ifa ta’an

    gabricha Isaa irratti Kan buusudha. Dhugumatti, Rabbiin isiniif mararfataa,

    rahmata godhaadha.” Suuratu Al-Hadiid 57:9

    Yaa namoota! Rabbiin dukkana kufrii, shirkii fi wallaalummaa keessaa gara ifa

    iimaanaa fi beekumsaa isin baasuuf keeyyattootaa Qur’aanaa ifa ta’an gabricha

    Isaa Muhammad (SAW) irratti Kan buusedha. “Dhugumatti, Rabbiin isiniif

    mararfataa, rahmata godhaadha.” Kana jechuun isin qajeelchuu fi karaa sirrii

    isinitti agarsiisuuf dhugumatti Rabbiin gabricha Isaa irratti aayaata ifaa buusun,

    19 Tafsiiru Muyassar-538

  • 16

    Inni isiniif mararfataa, rahmata godhaadha. Isiniif mararfachuu fi rahmata gochuu

    irraa kan ka’e Ergamaa erge, Kitaaba buuse.20

    20 Tafsiiru Xabarii-22/391

  • 17

    Namoonni Iimaanatti, Arjoominnaa Fi Qabsootti Dursan Mindaa fi Sadarkaan Isaanii Guddaadha

    “Dhaalli samiiwwanii fi dachii kan Rabbii ta’ee osoo jiruu maal taatanii karaa

    Rabbii keessatti hin arjoomnee? Isin keessaa namni Baniinsa [Makkaa] dura

    arjoomee fi qabsaa’e [nama san booda arjoomee fi qabsaa’e waliin] wal hin

    qixxaa’u. Isaan sun warra san booda arjoomanii fi qabsaa’an caalaa sadarkaa

    guddaa qabu. Rabbiin hundaafu [mindaa] gaarii waadaa galee jira. Rabbiin

    wanta isin hojjattan hunda keessa beekadha.” Suuratu Al-Hadiid 57:10

    “Dhaalli samiiwwanii fi dachii kan Rabbii ta’ee osoo jiruu maal taatanii

    karaa Rabbii keessatti hin arjoomnee?” Kana jechuun karaa Rabbii keessatti

    arjoomu irraa maaltu isin dhoowwaa? “Dhaalli samiiwwanii fi dachii kan Rabbii

    ta’ee osoo jiru.” Kuni hiika lama qaba:

    1ffaa-Qabeenyi keessaan zalaalamiif isin waliin hin turu. Guyyaa tokko of

    duubatti dhiistu, ergasii Rabbiin ni dhaala. Kanaafu, mindaan keessan Rabbiin

    biratti akka isiniif kuufamuuf wanti hundarra gaariin mataa keessaniin qabeenya

    kana karaa Inni jaallatu keessatti baasudha. Osoo qabeenyi kuni isin harkaa hin

    fudhatamin carraatti fayyadamaa. Qabeenyi harka keessan osoo jiru sadaqaa

    kennadhaa. Yoo wanta Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa jaallatu irratti hin baasin,

    qabeenyi kuni gara Isaa deebi’a. Garuu isin mindaa wayitu hin argattan.

    2ffaa-Yommuu karaa Rabbii keessatti arjoomtan hiyyummaa fi hir’inna sodaachu

    hin qabdan. Rabbiin samii fi dachii kan dhuunfateedha, kuusaan isaanii Isa harka

    jira. Inni wanta har’a isiniif kennu qofa osoo hin ta’in wanta boru isiniif kennu

    hunda dhuunfatee jira (harkaa qaba). Inni Kan akkana jedhuudha:

    ه يَبُۡسُط ﴿ هۡزَق ٱقُۡل إهَن َرّب هَمن يَشَ لر ه ل ُء مهۡن عهَبادههُر َلُ ۦا َوَما ۥ َوَيۡقده

    ءٖ َفُهَو ُُيۡلهُفهُ هن ََشۡ نَفۡقُتم م َزهقهنيَ ٱَوُهَو َخۡيُ ۥ أ ﴾٣٩لَرَٰ

  • 18

    Jedhi, “Dhugumatti Gooftaan kiyya gabroota Isaa keessaa nama fedheef

    rizqii (soorata, qabeenya) bal’isa, [kan fedhe immoo] isatti dhiphisa. Wanta

    kam irraayyu wanta isin [karaa Isaa keessatti] arjoomtan Inni bakka ni

    buusa, Innis irra caalaa warra rizqii kennaniiti.” Suuratu Saba’a 34:39

    Kanaafu, namni Rabbiin irratti hirkate, qabeenya karaa kheeyri keessatti Rabbiif

    jedhee ni baasa. Abbaa Arshii guddaa irraa hiyyummaan natti dhufti jedhee hin

    sodaatu. Rabbiin isaaf akka bakka buusu ni beeka.21

    “Isin keessaa namni Baniinsa [Makkaa] dura arjoomee fi qabsaa’e [nama san

    booda arjoomee fi qabsaa’e waliin] wal hin qixxaa’u.” kana jechuun warroonni

    Makkaan banamuun dura arjoomanii fi qabsaa’an warroota kana hin hojjanne waliin

    wal qixaa miti. Kunis kan ta’e, Makkaan banamuun dura haalli Muslimota irratti

    baay’ee ulfaataa ture. Yeroo sanitti warra dhugaa (siddiqoota) malee eenyulle kan

    amanu hin turre. Makkaan erga banamte booda immoo Islaamni ifatti bahee fi

    namoonni diini Rabbii (Islaama) keessa baay’innaan seenan.Kanaafi Rabbiin

    olta’aan ni jedha: “Isaan sun warra san booda arjoomanii fi qabsaa’an caalaa

    sadarkaa guddaa qabu.” Kana jechuun warri Makkaan banamuun dura karaa

    Rabbii keessatti arjoomanii fi qabsaa’an, warra Makkaan banamuun booda

    arjoomanii fi qabsaa’an caalaa Rabbiin biratti sadarkaa guddaa qabu.

    Sadarkaa warra kanaa yommuu dubbatu, namni tokko, ‘warra baniinsa Makkaa

    booda arjoomanii fi qabsaa’an gadi xiqqeessuu fi qeequuf’ jedhee akka hin

    yaanneef, itti aanse akkana jedhe: “Rabbiin hundaafu [mindaa] gaarii waadaa

    galee jira.” Kana jechuun Rabbiin warroota Makkaan banamuun dura arjoomanii fi

    qabsaa’an, akkasumas, Makkaan banamuun booda arjoomanii fi qabsaa’an

    hundaafu Jannata waadaa galee jira. Sadarkaa fi mindaan isaanii wal haa caaluu

    malee, Rabbiin isaan hundaafu Jannata waadaa seenee jira. “Rabbiin wanta isin

    hojjattan hunda keessa beekadha.” Kana jechuun Karaa Rabbii keessatti arjoomu,

    diinotatti qabsaa’u fi hojii biroo isin hojjattan hunda keessa beeka, homtu Isarraa hin

    dhokatu. Niyyaa hojii keessan duuba jiru ni beeka. Guyyaa Qiyaamaa hojii hojjattan

    kanaaf jazaa isiniif kafala.22

    Wanti asirraa barannu, Sahaabonni sadarkaa guddaa qabu. Sadarka isaanii Rabbiin

    subhaanahu wa ta’aalaa asi fi bakka biraatti ni dubbate. Ammas, namoonni

    21 Tafsiiru Sa’dii-989, Tafsiiru Ibn Kasiir-7/173, https://www.englishtafsir.com/Quran/57/index.html#sdfootnote13sym 22 Tafsiiru Ibn Kasiir-7/173,Tafsiiru Xabarii-22/396

    https://www.englishtafsir.com/Quran/57/index.html#sdfootnote13sym

  • 19

    niyyaan isaanii tolee fi hojii gaggaaritti dursan sadarkaan isaanii guddaadha.

    Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedh:

    ْوِله لُۡمۡؤمهنهنيَ ٱمهَن ۡلَقَٰعهُدونَ ٱََل يَۡسَتوهي ﴿ُره ٱَغۡيُ أ ّلَله ٱِفه َسبهيله لُۡمَجَٰههُدونَ ٱوَ لََّضَ

    ههۡم فََضَل نُفسهَهههۡم َوأ َٰل ۡمَو

    َهأ ينَ ٱ ّلَلُ ٱب لُۡمَجَٰههده

    ههۡم لََعَ نُفسهَهههۡم َوأ َٰل ۡمَو

    َهأ ينَ ٱب ة َدرَجَ ۡلَقَٰعهده

    وََعَد ينَ ٱ ّلَلُ ٱَوفََضَل ۡۡلُۡسَنَٰ ٱ ّلَلُ ٱَولُُك لُۡمَجَٰههده

    ينَ ٱلََعَ ا ۡلَقَٰعهده يم ۡجًرا َعظهَ ﴾٩٥أ

    “Warra miidhama qaban malee mu’mintoota irraa warri taa’anii fi warri

    karaa Rabbii keessatti qabeenyaa fi lubbuu isaaniitin qabsaa’an wal hin

    qixxaa’an. Rabbiin warra qabeenyaa fi lubbuu isaaniitin qabsaa’an warra

    taa’an irra sadarkaan caalchisee jira. Rabbiin isaan hundaafu waan gaarii

    (Jannata) waadaa galee jira. Rabbiin warra qabsaa’an warra taa’an irra

    mindaa guddaan caalchisee jira.” Suuratu An-Nisaa 4:95

    Kana jechuun warra miidhama qaban malee, warri karaa Rabbii keessatti qabsaa’u

    irraa duubatti hafanii fi warri karaa Rabbii keessatti qabeenyaa fi lubbuu isaaniitin

    qabsaa’an wal qixaa miti. Rabbiin warra duubatti hafan ykn taa’an caalaa warra

    qabsaa’an Jannata keessatti sadarka isaanii olkaase jira. Rabbiin warra karaa Isaa

    keessatti qabeenyaa fi lubbuu isaanitiin qabsaa’anii fi warra taa’anii miidhama

    qaban hundaafu Jannata waadaa galeefi jira.23

    LIQAA GAARII

    ا َفُيَضَٰعهَفهُ ّلَلَ ٱُيۡقرهُض ََّلهيٱَمن َذا ﴿ ۡجٞر َكرهيمٞ ۥ َوَلُ ۥَلُ ۥقَۡرًضا َحَسن َ ﴾١١أ

    “Rabbiif liqaa gaarii kan liqeessu eenyuu? Kanaafu, Inni dachaa isaaf taasisa,

    isaaf mindaa gaariitu jira.” Suuratu Al-Hadiid 57:11

    Araboonni nama hojii gaarii tokko hojjateen, “Qad aqrada (liqeessee jira)” jedhu.

    Qard (liqaa) kan jedhameef bakka bu’aa deebifachu barbaaduuf liqaan waan

    bahuufi. 24 (Namni liqaa kennu wanti suni ykn san caaluu akka isaaf deebi’uu

    barbaada.)

    23 Tafsiiru Muyassar-94 24 Tafsiiru Qurxubii-20/244

  • 20

    “Rabbiif liqaa gaarii kan liqeessu eenyuu?” kana jechuun eenyutu osoo hin

    dhaadatinii fi hin rakkisin wanta Rabbiin bira jiru kajeeluun karaa Rabbii keessatti

    baasaa ykn arjoomaa? “Kanaafu, Inni dachaa isaaf taasisa.” Kana jechuun

    Rabbiin baasii inni baase kanaaf mindaa dacha dachaa isaaf godha. “isaaf mindaa

    gaariitu jira.” Kana jechuun isaaf Jannatatu jira.25

    Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa qabeenyi namoonni qaban kan Isaa ta’ee osoo jiruu

    'wanta karaa Isaa keessatti baasan'- "liqaa gaarii" jechuun moggaase. Sababni isaas,

    akkuma irranatti jenne, liqaa yommuu liqeessan wanti suni ykn san caalu akka

    namaaf deebi’u waan barbaadaniif namoota kakaasuufi. Ribaan (dhalli)

    dhoowwamuun dura osoo nama tokkoon “Har’a birri kudhan naaf liqeessi boru

    dhibba godhee siif deebisaa” jedhame ni liqeessa moo hin liqeessu? Dhugumatti ni

    liqeessa.

    Namni qabeenya baasu liqeefataan waadaa kan guutuu fi tola oolaa ta’uu yoo beeke,

    nafseen isaa gammachuun qabeenya kana baasti. Qabeenyi isaa isaaf kan deebi’u

    ta’uu yoo beeke, nafseen isaa baasuf tole ni jetti. Kan liqaa isarraa barbaadu,

    qabeenya isaa kanaan isaaf daldaaluun dacha dachaa kan isaaf godhu ta’uu yoo

    beeke, liqeessuuf caalatti fedhii qaba. Ammas, liqaa isaaf dachaa gochuu waliin,

    liqeefataan of biraa mindaa biraa kan isaaf kennu yoo ta’e, dhugumatti mindaan kuni

    qooda guddaadha, mindaa bareedadha. Kanaafu, nama qalbiin isaa haafayuu fi

    doy’ummaan dhukkubsattee ykn iimaanni isaa dadhaba ta’e malee liqeessu irraa

    duubatti kan hafu hin jiru.

    Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa, “Rabbiif liqaa gaarii kan liqeessu eenyu?”

    yommuu jedhu, liqatti hajamee osoo hin ta’in namoota karaa Isaa keessatti

    arjoomanitti tola oolu waan barbaadefi. Akkasumas, namni guddinna mindaa akka

    beekufi.

    Rabbiin subhaanahu namni yommuu karaa Isaa keessatti arjoomu, wanta inni

    arjoome caalaa dachaa gochuun isaaf deebisa. Sadaqaa takka yoo kenne, mindaa isaa

    kudhan ykn dhibba ykn dhibba torba ykn san caalu isaaf taasisa.

    Liqaan gaariin asittii fi bakka biraatti jedhame wantoota sadii kan guute ta’uu

    qaba:

    1ffaa-Qabeenya badaa fi gatii hin qabne irraa osoo hin ta’in qabeenya gaarii fi

    qulqulluu irraa ta’uu. fkn, qabeenya halaalaa irra ta’uu. Midhaan yoo sadaqate,

    25 Tafsiiru Muyassar-538, Tafsiiru Xabarii-22/397

  • 21

    midhaan waagin dhayee fi shame osoo hin ta’in midhaan qulqulluu fi gaarii ta’e

    sadaqachu.

    2ffaa-nafseen isaa itti gammaduu fi jaalala Rabbii fi mindaa Isaa kajeelun

    qabeenya baasu ykn arjoomu. Na arga, na beekaa, na dhagayaa fi na faarsaa irraa

    fagaachu.

    3ffaa- Dhaadachuu fi nama rakkisuu dhiisu.

    Tokkoffaan qabeenyaan wal qabata. Lamaffaan nama baasun wal qabata, isaa fi

    Rabbiin jidduu wanta jiruun wal qabata. Sadaffaan immoo nama arjoomu fi nama

    qabeenya kana fudhatuun wal qabata.26

    Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

    “Warroonni karaa Rabbii keessatti qabeenya isaanii baasan ergasii wanta

    baasan dhaadannaa fi rakkisuun hin hordofsiifne, mindaan isaanii Gooftaa

    isaanii bira isaaniif jira. Isaan irra sodaan hin jiru, isaan hin gaddanis.” Suuratu

    Al-Baqaraa 2:262

    Namoonni kunniin Rabbiif jedhanii fi mindaa Isa bira jiru kajeeluun qabeenya

    isaanii karaa Rabbii keessatti ni baasu ykn ni arjoomu. Erga baasanii booda “ebaluuf

    akkas akkas godhe” jechuun hin dhaadatan. Ammas, dubbii fi hojiidhaan nama

    sadaqaa kennaniif hin rakkisan. Warri kuni mindaan isaanii Rabbiin bira isaaniif jira.

    Isaan waan darbeef hin gaddan waan gara fuunduraatti dhufuufis hin sodaatan.

    Sodaa fi gaddi yoo isaan irraa deeme, nageenyaa fi tasgabbii keessa ta’uu jechuudha.

    “Karaa Rabbii keessatti baasiin bahu wanta jaalala Rabbii ittiin kajeelanii fi

    mindaa Isa bira jiru ittiin barbaadaniidha.”27

    Namni mindaa guddaa kana argachuuf sadaqaa isaa na argaa, dhaadannaa fi nama

    rakkisuu irraa qulqulleessu qaba. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

    26 Bidaa’u tafsiir-3/128 27 Tafsiiru Xabarii-4/655

  • 22

    “Yaa warra amantan! Sadaqaa keessan dhaadannaa fi rakkisuun hin

    balleessinaa.” Suuratu Al-Baqaraa 2:264

  • 23

    Ifa Mu'mintootaati fi Gammachuu Isaanii

    يَۡمَٰنهههمِۖ لُۡمۡؤمهَنَٰته ٱوَ لُۡمۡؤمهنهنيَ ٱيَۡوَم تََرى ﴿َهأ يههۡم َوب يۡده

    َيَۡسََعَٰ نُورُُهم بنَۡيَ أ

    َُٰكُم ى هَها َۡلَۡومَ ٱبُۡۡشَ نَۡهَٰرُ ٱَجَنَٰٞت ََتۡرهي مهن ََتۡتَهَك ُهَو ۡۡل َٰل هيَن فهيَها َذ َخَِٰله

    يمُ ٱ لَۡفۡوزُ ٱ ﴾١٢لَۡعظه“Guyyaa mu’mintoota dhiirotaa fi dubartootaa ifti isaanii isaan fuunduraa fi

    mirga isaaniitiin fiigu argitu, [akkana isaaniin jedhama], “Har’a oduun

    gammachiisaan keessan, achi keessatti kan haftan taatanii Jannata jala ishii

    laggeen yaa’aniidha. Suni isumatu milkaa’inna guddaadha.” Suuratu Al-

    Hadiid 57:12

    Mu’mintoota jechuun namoota Rabbiitti, malaykotatti, Kitaabanitti, Ergamtootatti,

    Guyyaa Qiyaamaa fi murtii Isaatti amananii fi hojii gaggaarii isaan irraa eeggamu

    hojjataniidha.

    “Guyyaa mu’mintoota dhiiraa fi dubartootaa ifti isaanii isaan fuunduraa fi

    mirga isaaniitiin fiigu argitu,” kana jechuun yommuu Guyyaan Qiyaamaa dhufee

    aduun maramte, jiiyni ifa dhabe, namoonni dukkana keessa ta’anii fi Jahannam

    irratti siraaxni (riqichii) kaa’ame, mu’mintootaa dhiiraa fi dubartii ifti isaanii

    fuulduraa fi mirga isaanitiin kan fiigu ta’ee argita.28 Ifni hamma hojii isaanii irratti

    hundaa’e isaaniif ifa. Akkuma Abdullah ibn Mas’uud jedhe: “Hamma hojii isaanii

    irratti hundaa’e siraaxa irra darbu. Isaan keessaa ifti isaa akka gaaraa guddaa ta’etu

    jira. Isaan keessaa ifti isaa akka muka temiraa ta’etu jira, isaan keessaa nama ifti isaa

    hanga nama dhaabbate gahutu jira. Isaan keessaa ifti isaa xiqqaa kan ta’e nama ifti

    isaa quba guddaa gahuu fi yeroo garii ifu yeroo biraa immoo dhaamudha.”29

    “[akkana isaaniin jedhama], “Har’a oduun gammachiisaan keessan, achi

    keessatti kan haftan taatanii Jannata jala ishii laggeen yaa’aniidha. Suni

    isumatu milkaa’inna guddaadha.”

    28 Tafsiiru Sa’dii-989 29 Tafsiiru Ibn Kasiir-7/176

  • 24

    Bushraa jechuun oduu nama gammachiisu namatti beeksisuudha. 30 Guyyaa san

    Malaykoonni oduu gammachiisaa mu’mintootatti himu ykn beeksisu. Oduun

    gammachisaan kunis, Jannata bal’oo laggeen mukkeenii fi gamoowwan ishii jala

    yaa’an seenuudha. Achi keessatti kan hafan ta’anii yeroo hundaa keessa jiraatu.

    “Suni isumatu milkaa’inna guddaadha.” Jannata keessa seenuu fi yeroo hundaa

    achi keessa turuun milkaa’inna guddaadha.

    Guyyaa Munaafiqonni Ifa Dhabanii fi Dallaa Rahmataa

    Seenuu Irraa Dhoowwaman

    “(13)-Guyyaa munaafiqonni dhiirotaa fi dubartotaa warra amananiin, “Nu

    eegaa! ifa keessan irraa qabsiifannaa” jedhan, “Gara duuba keessanitti

    deebi’aatii ifa barbaadadhaa.” [isaaniin] jedhamu [san yaadadhu]. Jidduu

    isaaniitti jogola (dallaa) balbala qabu kan keessa isaa rahmanni, ala isaa immoo

    azaabni (adabbiin) jirutu dhaabbama. (14)-[Munaafiqonni], “Isin waliin hin

    turree” jechuun [mu'mintoota] waamu. Isaaniis ni jedhu, “Eeyyen! Garuu isin

    of jalliftan, ni eegdan, ni shakkitan, hanga ajajni Rabbii dhufutti hawwiin isin

    gowwoomsite. Waa’ee Rabbii ilaalchise gowwoomsaanis isin gowwoomse.” Suuratu Al-Hadiid 57:13-14

    Munaafiqota jechuun namoota gubbaan Islaamaa mul’isanii fi arrabaan dubbatan

    garuu keessa isaanii keessatti kufrii dhoksanii fi qalbiin hin amanneedha. “Al-

    Jazaa’u min jiinsil amal (mindaan gosa hojiitiin)” waan ta’eef namni Guyyaa Murtii

    waan hojjateen mindeefama. Aayaata armaan olii keessatti Guyyaa Qiyaamaa haala

    munaafiqoota dhiiraa fi munaafiqota dubartii ifa baasa. Wantuma isaan addunyaa

    irratti mu’mintootatti hojjataa turaniin Guyyaa Murtiis fakkaatama isaan hojjatan

    30 Tafsiiru tahriir wa tanwiir-27/381

  • 25

    munaafiqotatti hojjatama. Munaafiqonni gubbaan Mu’imintootatti makamanii hojii

    isaan hojjatan ni hojjatu, miseensa isaanii fakkaatu. Garuu qalbii isaanitii fi yommuu

    adda ta’an diina mu’mintootaati. Addunyaa irratti munaafiqonni ifa iimaanaa hin

    qabanii turan.

    Guyyaa Qiyaamaa namoonni iddoo wal gahiitti yommuu walitti qabaman dukkana

    cimaaf saaxilamu. Mu’mintoota malee namoonni iddoo qorannoo ergasii gahuumsa

    dhumaa ifa ittiin deemaniin ni dhabu. Rabbiin azza wa jalla mu’mintootaaf ifa isaan

    fuundura ifuun ittiin deeman isaaniif kenna. Ifni kuni akkuma isaan fiigan isaan

    fuundura fiiga. Akkuma konkolaachisaan halkan dukkanaa keessa ifa konkolaataa

    ibsachuun karaa isa fuundura jiru arguun gara fuunduraatti fiigu, mu’mintoonnis ifa

    iimaanaa ibsachuun gara fuunduraatti fiigu.

    Munaafiqonni immoo jalqaba irratti mu’mintoota waliin walitti qabamu. Ergasii

    mu’mintoonni gara bakka qorannoo akka deeman ni ajajamu. Isaaniis hamma

    iimaanaa fi baay’inna hojii gaarii isaanii irratti hundaa’e ariitin ni fiigu. Rabbiinis

    ifa ittiin deeman isaaniif godha. ifni kuni isaan fuundura fiiga. Mirgaa isaaniitiin

    facaasu fi naannessu ni danda’u. Isaan tasgabbeesuuf akkana isaanin jedhama:

    “Har’a oduun gammachiisaan keessan, achi keessatti kan haftan taatanii

    Jannata jala ishii laggeen yaa’aniidha. Suni isumatu milkaa’inna guddaadha.”

    Munaafiqonnii iimaanaa fi hojii gaggaarii waan hin qabneef gara bakka qorannoo fi

    jazaa akka mu’mintoonni fiiganitti fiigu hin danda’an. Ifa isaan fuundura fiigus hin

    argatan. Adeemsa jalqabaa irratti ifa mu’mintoota irraa ni fayyadamu. Isaan duuba

    yeroo gabaabaf ni deemu. Ergasi isaan hordofuu irraa dadhabuun duubatti hafu.

    Mu’mintoonni isaan dursu, ifni isaaniis isaan waliin munaafiqota dursa. Ergasii

    isaan irratti ni dukkanaa’a.

    Yeroo kanatti, munaafiqonni dhiirotaa fi dubartootaa mu’mintoota beekaniin akkana

    jedhu, “Nu eegaa! Ifa keessan irraa qabsiifannaa.” Kana jechuun ifa keessan irraa

    ibsanne gara isin itti deemtan waliin deemnaa nu eegaa. Garuu mu’mintoonni deebii

    hin deebisaniif. Dhiirotaa fi dubartoota munaafiqoota ta’aniin akkana jedhama:

    “Gara duuba keessanitti deebi’aatii ifa barbaadadhaa.” Kana jechuun bakka

    dhuftanitti deebi’aa. Mataa keessanif achii ifa barbaadadhaa. Kan dandeessan yoo

    taatan, carraaqqi keessaniin hojii keessan irraa ifa barbaadadha. Ifa ittiin qajeeltan

    mataa keessaniin soqadhaa. Akkuma addunyaa irratti firii namoota biroo irraa

    fayyadamtan, har’a immoo ifa namoota biroo irraa fayyadamu hin dandeessan.

    Addunyaa irratti “Nuti isin walin jirra” jettanii kijibuun bu’aa hojii isaanii

    fayyadamtu. Garuu har’a kijibuu fi gowwoomsun hin jiru. Guyyaan Guyyaa Murtii

  • 26

    fi haqaati. Jecha kana Malaaykonni erga isaaniin jedhanii booda Rabbiin

    subhaanahu wa ta’aalaa mu’mintootaa fi munaafiqota jidduu jogola (dahoo ykn

    dallaa) dhaaba. “Jidduu isaanitti jogola (dallaa) balbala qabu kan keessa isaa

    rahmanni, ala isaa immoo azaabni (adabbiin) jirutu dhaabbama.”

    Rabbiin jogola ykn dallaa kanaaf balbala godha. Hanga mu’mintoonni duubatti

    harkifatanii fi ifti isaanii dadhabaa ta’ee balbala kanaan seenanii xumuramanitti

    waardiyoonni isaaniif hayyamu. Ergasii munaafiqota irratti balballi ni cufama.

    Haguuggamanii gara kallatti kaafirotatti qajeelfamu. Kanaafu, isaan waliin ta’u.

    Sababni isaas, addunyaa keessatti munaafiqonni kaafirota waliin turan.

    Dallaan kuni keessi isaa bareedaa mu’mintootatti aanudha. Mu’mintoota dallaa kana

    keessa seenan irratti rahmanni Rabbii qalbii fi nafsee isaanii gammachiisu ni bu’a.

    Alli dallaa kanaa immoo sodaachisaa munaafiqotatti aanudha. Ala kanarraan

    munaafiqotatti azaabni (adabbiin) adda addaa ni dhufa.

    Munaafiqotaaf dallaa kana akka seenan isaaniif hin hayyamamu. Yeroo kanatti

    furmaanni isaanii, tarii mu’mintoonni isaaniif raga bahuun jaarsummaa akka isaaniif

    ta’aniif akkana jechuun isaaniitti lallabuu: “Isin waliin hin turree?” Kana jechuun

    addunyaa keessatti isin waliin kan salaannu, soomnu, hajjinuu fi hojii gaggaarii

    biroo kan hojjannuu hin turree?

    “Mu'mintoonnis ni jedhu, “Eeyyen!” kana jechuun eeyyen gubbaan (zaahiran) nu

    waliin turtan. Gubbaan hojima akka keenyaa hojjachaa turtan. Garuu addunyaa

    keessatti keessaan (qalbiin) nu waliin hin turre. Hojiin keessan hojii munaafiqaa

    iimaanni fi niyyaa gaariin keessa hin jirreedha. Kanaafu, har’a dallaa kana keessa

    nu waliin ta’uu hin dandeessan. Munaafiqonni keessaan (qalbiin) addunyaa keessatti

    isaan waliin akka hin turre mu’mintoonni dhimmoota shan tarreessu:

    “isin of jalliftan” kana jechuun filannoo keessaniin karaa jallinnaa hordofuun, kufrii

    dhoksuun, haqa fudhachuu diduun, Islaamaa fi Muslimootatti shira (dhara) baasun

    of jalliftan, nafsee teessan adabbiif saaxiltan.

    “ni eegdan” kana jechuun Islaamaa fi Muslimoota irratti balaan akka bu’uu fi badan

    eegaa turtan. Erga isaan badanii booda kufrii keessan ifatti baastu turtan. Garuu

    Rabbiin mu’mintoota gargaaree kaafirota salphise. Kanaafu, shira keessan isin irratti

    deebise. Isin shira kan baastan turtan.

  • 27

    “ni shakkitan” haqa Nabiyyiin (SAW) Rabbii olta’aa irraa fide ni shakkitan. Haqa

    kana keessaa du’aan booda kaafamu ni shakkitan. Ragaaleen ifaa osoo isaaniif

    dhufee jiru shakkuuf uzrii (sababa) homaatu hin qabanii turan.

    “hanga ajajni Rabbii dhufutti hawwiin isin gowwoomsite.” Kana jechuun hanga

    duuti isinitti dhuftutti hawwiin sobaa isin hawwitan, hawwiin sheyxaanni fi

    kaafironni isin hawwisisan isin goowwomsite.31 Hawwiin sobaa kuni: mu’mintoota

    irratti balaan akka bu’uu fi gadi aanan hawwuu, badiin kiyya naaf araaramama (irra

    darbama) jechuun badii hojjachuu itti fufuu, addunyaan isaan gowwoomsu fi kkf of

    keessatti qabata.

    Gabaabumatti hawwiin kuni hawwii badaa karaa Rabbii irraa isaan deebisuu fi isaan

    jallisuudha. Akka kaafirotatti guddinna guddaa irra geenya jechuun Islaama irraa

    garagaluu fi kaafirota akkeessuf carraaqun hawwii isaan gowwoomsudha. Hawwiin

    kuni isaan goowwomsun osoo hin tawbatin duuti isaanitti dhuftee kufrii fi nifaaqa

    irratti du’an.

    “Waa’ee Rabbii ilaalchise gowwoomsaanis isin gowwoomse.” Kana jechuun

    sheyxaanni murtii fi dhiifama Rabbiitiin isin gowwoomse.32 Yommuu Rabbiin osoo

    isaan hin adabin yeroo muraasaaf isaan dhiisu, sheyxaanni kufrii fi nifaaqa isaaniif

    miidhagse, adabbii Rabbii jalaa nagaha akka bahan isaan tasgabbeesse. 33

    Dhugumatti kuni gowwoomsu guddaadha. Kufrii, nifaaqa fi badii isaanii osoo

    hojjachuu itti fufanuu, “adabbii Rabbii jalaa nagaha ni baatu” jedhe isaanitti

    hasaasun gowwoomsu guddaadha. Nafsee ofii keessatti akkana ofiin jedhu “[Badii

    hojjannuu fi] wanta dubbannu kanaaf maaliif Rabbiin nu hin adabnee?” (Ilaali

    suuratu al-Mujaadala 58:8)

    Ibsa kana booda munaafiqotaan akkana jedhama:

    َُٰكُم ََّلهينَ ٱََل يُۡؤَخُذ مهنُكۡم فهۡديَةٞ َوََل مهَن َۡلَۡومَ ٱفَ ﴿ َوىْۡ َمأ َكَفُروا

    هۡئَس نلَاُر ٱ َُٰكۡم َوب َ َمۡولَى يُ ٱِهه ﴾١٥لَۡمصه

    31 Zaahiratu nifaaqi wa kabaa’isu munaafiqiin fi taarikh-1/644-658, Abdurahmaan

    Hasan Habanka 32 Zaadul Masiir-1398 33 Tafsiiru Sa’dii-990, Tafsiiru Xabarii-22/406

    https://archive.org/details/zahrtalnifaq

  • 28

    “Har’a isinii fi warra kafaran irraa fidyaan hin fuudhamu. Teesson keessan

    ibidda. Ishiin mawlaa keessani, gahuumsi waa fokkate!” Suuratu Al-Hadiid

    57:15

    Fidyaa jechuun adabbii jalaa nagaha bahuuf qabeenya kennamuudha. Ingiliffaan

    Ransom, Amaariffaan Beezaa jechuun hiikan. Fkn, namni yoo hidhame, hidhaa irraa

    akka gadi furamuuf mallaaqni ni kennama. Maallaqni kuni fidyaadha.

    Mu’mintootaa fi munaafiqota jidduu haasofti erga xumuramee booda, abdii isaan

    kutachiisuu fi adabbii jalaa bahuuf mala wayitu akka hin baafanne, akkana isaaniin

    jedhama: “Har’a isinii fi warra kafaran irraa fidyaan hin fuudhamu.” Kana

    jechuun yaa munaafiqoota! Har’a isinii fi warra ifaan ifatti hin amannee fi Islaama

    hin hordofne irraa kafaltiin ykn bakka bu’aan adabbii Rabbii ittiin ofirraa deebistan

    isin irraa hin fuudhamu.34 Guyyaa Qiyaamaa osoo addunyaa fi wanti ishii keessaa

    jiru hundi kan isaanii ta’ee adabbii jalaa ittiin of baasuuf akka kafaltiitti dhiyeessanii,

    isaan irraa hin fuudhamu. Guyyaa san wanti namni qabu iimaanaa fi hojii gaarii

    qofa. Qabeenyaa fi wanti inni ittiin of dhaadataa ture Gaafa san of biratti hin argatu.

    Asirraa kaane, iimaanni fi hojiin gaariin addunyaa fi qananii addunyaan qabatte

    hunda caala jechuu dandeenya. Sababni isaas, Guyyaa Qiyaamaa cinqiin hammaatu

    san wanti ibidda Jahannam jalaa nagaha nama baasu qananii addunyaa tana irratti

    horatan osoo hin ta’in iimaanaa fi hojii gaarii hojjataniidha.

    “Teesson keessan ibidda.” Kana jechuun iddoon itti galtanii fi keessa qubattan

    ibidda Jahannami.

    “Ishiin mawlaa keessanii” Sababa kafartanii fi shakkitaniif iddoo jireenyaa

    hundaa caalaa Ibiddi Jahannam bakka isiniif maltuu fi ofitti isin qabduudha. 35

    “gahuumsi waa fokkate!” Ibiddi Jahannam gahuumsa dhumaa gahaniidha.

    Dhugumatti gahuumsi kuni garmalee fokkataa fi badaa ta’ee jira!

    Barnoota Asirraa Barannu

    Wantoota baay’ee asirraa baranna. Isaan keessaa: 1-Al-Jazaa’u min jiinsil amal (mindaan gosa hojiitin) jedhama- mu’mintoonni

    akkuma addunyaa irratti amananii fi hojii gaggaarii Rabbiin jaallatutti fiigan,

    Guyyaa Qiyaamaa yommuu dukkanni nama marsu sanitti Rabbiin ifa ittiin deemanii

    34 Tafsiiru Xabarii-22/407, Zaahiratu nifaaqi wa kabaa’isu munaafiqiin fi taarikh-1/659

    35 Tafsiiru ibn Kasiir-7/180, Tafsiiru Sa’dii-990

  • 29

    fi fiigan isaaniif godha. Faallaa kanaa, munaafiqonni akkuma addunyaa irratti qalbii

    isaanitiin amanuu didanii dukkana kufrii keessa turan, Guyyaa Qiyaamaa iimaana

    waan hin qabneef ifa ittiin deeman ni dhabu. Guddinnii fi jabeenyi ifaa hamma

    iimaanaa fi hojii gaggaari irratti hundaa’a. Namni iimaanni isaa cimaa ta'ee fi hojii

    gaggaarii baay’ee ikhlaasaan hojjate, akkasuma, ifni isaa guddaa ta’a. Akkasumas

    gara fuunduraatti ariitin deema. Namni iimaanni isaa laafaa fi hojiin isaa xiqqaa ta’e

    akkasuma ifaa fi adeemsi isaa dadhabaa ta’a. Kaafironni fi munaafiqonni iimaanaa

    fi hojii gaggaarrii waan hin qabneef, ifa ni dhabu.

    2-Munaafiqonni zaahiraan (gubbaan) Islaamaa labsuun keessatti immoo kufrii

    dhoksuun Muslimoota waliin jiraataa turan. Kan kana godhaniif faayda Muslimoota

    irraa argachuu fi miidhaa ofirraa deebisuufi. Guyyaa Qiyaamaa ifni faayda guddaa

    garmalee barbaadamu waan ta’eef, isaanitti makamanii mu’mintoota irraa ifa kana

    argachuuf ni hawwuu. Garuu Guyyaan Guyyaa haqaa waan ta’eef ifa kana hin

    argatan. “Gara duubatti deebi’aatii achii ifa barbaadadhaa.” Isaaniin jedhama.

    3- Iimaanni fi hojiin gaariin akka dallaa balbala qabuuti. Mu’mintoonni addunyaa

    keessatti iimaana keessa waan seenanii fi hojii gaggaarii ikhlaasan waan hojjataniif,

    Guyyaa Qiyaamaas dallaa (jogola) isaanii fi munaafiqota jidduutti dhaabbame

    nagahaa fi ariitin seenu. Munaafiqonni immoo gubbaan Islaama haa mul’isanii

    malee qalbiidhaan iimaana keessa waan hin seennef dallaa keessi isaa rahmata ta’e

    keessa hin seenan. Gara alaatti dhoowwamuun azaaba (adabbii) naannawa sanitti

    dhufuuf saaxilamu. “Al-Jazaa’u min jiinsil amal (mindaan gosa hojiitin)” kan jedhu

    ammas yaadadhu.

    4-Gatiin hojii kan madaallamu gubbaa qofaan osoo hin ta’in wanta qalbii keessa

    jiruuni. Munaafiqonni mu’mintootaan “Isin waliin salaatuun, soomuun, qabsaa’uu

    fi hojii gaggaarii biroo keessatti hirmaachuun isin waliin hin turree?” jedhu. Garuu

    iimaanni fi ikhlaasni qalbii keessa waan jirreef hojiin gubbaa isaan irraa mul’atu

    akka homacha (horofaa) saamunaa ta’a. Yoosu bada, gatii homaatu hin qabu.

    Kanaafu, Guyyaa boru ifa argachuuf, “Iimaana qalbii keessa jiru cimsachuuf, na

    argaa, na beekaa, na dhagayaa fi kkf irraa hojii gaggaarii qulqullefachuun jaalala

    Rabbii fi mindaa Isaa argachuuf namni haa carraaqu.”

    5-Namni hanga fedhe hojii gaggaarii haa hojjatu, qalbii isaa keessatti wanta iimaana

    faallessu yoo kuufate hojiin isaa jalaa bada. Aayah armaan olii keessatti wanta

    munaafiqotaan jedhame keessaa: “of jalliftan.” Kana jechuun qalbii keessatti kufrii

    dhoksuu fi Islaama fudhachuu diduun of jalliftan. “ni shakkitan.” Kana jechuun

    haqa Rabbii olta’aa irraa dhufe ni shakkitan. Kan akka Qur’aanaa, du’aan booda

  • 30

    kaafamu ni shakkan. Shakkiin qalbii keessa yoo ture gara kufriitti waan nama

    geessuuf iimaanan wal faallessa. “ni eegdan” kana jechuun Islaamni fi

    Muslimoonni akka badan ni eegdan. Kuni Islaamaa fi Muslimoota irratti waan

    badaan akka bu’uu hawwuu waan ta’eef iimaanan wal faallessa. Namni Guyyaa

    dukkanni fi dhiphinni namatti bu’u san jalaa nagaha bahuuf gochoota akkanaa irraa

    of eeguf haa carraaqu.

    6-Tarii of jallisuu, shakkuu fi waan badaa Islaamaa fi Muslimoota irratti eegutti kan

    isaan geesse, hawwii sobaati fi sheyxaana. Hasaasni sheyxaanni isaanitti hasaasu,

    kufrii fi shakkitti akka kufan isaan taasise. Sheyxaana irraa eeggamuuf osoo gara

    Rabbii fiiganii eeggumsa Isarraa kadhatanii, silaa Rabbiin isaan eegaa ture. Garuu

    isaan kana hin hojjanne. Hawwiin sobaa isaan hawwanii fi kaafironni isaan

    hawwisiisan, badiitti akka lixan isaan taasise. Munaafiqonni kaafirota hiriyyaa waan

    godhataniif waan badaa isaan hawwisiisu. Hawwiin sobaa kuni hundi karaa qajeelaa

    irraa akka jallatan isaan taasise. Kanaafu, namni hasaasa sheyxaanaa fi hawwii

    sobaatin gowwoomun, daandii haqaa (Islaama) irraa dabuu irraa of haa eegu.

  • 31

    Yeroon Qalbiin Warra Amananii Zikrii Rabbii fi Qur’aanaaf

    Laaftu Hin Geenyee?

    هۡكره ﴿ ن ََتَۡشَع قُلُوُبُهۡم َّلهَْ أ هََّلهيَن َءاَمُنو ا نه ل

    ۡلَۡم يَأ

    َه ٱَوَما نََزَل مهَن ّلَله ٱ۞أ َوََل ۡۡلَق

    وتُواْ ََّلهينَ ٱيَُكونُواْ كَ ُۡيههُم لۡكهَتََٰب ٱأ

    َمدُ ٱمهن َقۡبُل َفَطاَل َعلَََفَقَسۡت قُلُوُبُهۡم ۡۡل

    ُقونَ هۡنُهۡم َفَٰسه ﴾١٦َوَكثهيٞ م “Warra amananiif yeroon qalbiin isaanii zikrii Rabbiitii fi dhugaa irraa wanta

    bu’eef laaftu hin geenyee? Akka warra isaaniin dura kitaabni kennameefi,

    yeroon isaanitti dheeratee qalbiin isaanii gogde hin ta’in. Baay’een isaanii

    faasiqoota.” Suuratu Al-Hadiid 57:16

    Ganda Aakhirah keessatti yommuu haala mu’mintoota fi munaafiqoota dubbatu,

    kuni qalbii gara laafinnaa fi Rabbiif of gadi qabuu kakaasudha. Kana booda

    namoonni qalbiin isaanii yoo hin laafinii fi gadi of hin qabin, gorsi akkana jedhu ni

    barbaachisa:

    “Warra amananiif yeroon qalbiin isaanii zikrii Rabbiitii fi dhugaa irraa wanta

    bu’eef laaftu hin geenyee?” kana jechuun warra Rabbii fi Ergamaa Isaa

    dhugoomsanii fi qajeelcha Isaa hordofaniif, yommuu Rabbiin faarfamuu fi Qur’aana

    dhagayan yeroon qalbiin isaanii itti laaftu, gadi of qabduu fi ajajoota Isaatiif bultuu

    hin dhufnee?36 Kana keessa qalbii Rabbiif gadi qabuu fi laaffisuuf carraaqu, yeroo

    hundaa warri amanan gorsa Rabbiin irraa bu’e yaadachuu fi nafsee ofii qorachuutti

    kakaasutu jira.

    Khushuu’u (qalbiin laafuu fi of gadi qabuun) kuni ajajoota Rabbiitti akka bulan

    nama taasisa. Namni zikrii Rabbiitii fi Qur’aanaaf qalbiin isaa yoo laafte fi of gadi

    qabde, wanta Rabbiin itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisuun isarraa

    eeggama. Kanaafi, Abdullah ibn Abbaas, aayah tana akkana jechuun fassare (ibse),

    “yeroo qalbiin isaanii Rabbiif itti ajajamtu hin geenyee?”37

    Aayan tuni tawbaa Fudayl ibn Iyaadif sababa guddaa taate. Fudayl dubara takka ni

    jaallate. Halkan tokko waadaa galteef. Osoo inni ishii bira dhaquuf dhaaba dallaa

    36 Tafsiiru Muyassar-539 37 Tafsiiru Xabarii-22/408

  • 32

    bahuuf tattaafatu, aayah tana dhagahee: “Warra amananiif yeroon qalbiin isaanii

    zikrii Rabbiitii fi dhugaa irraa wanta bu’eef laaftu hin geenyee?” Ergasii osoo

    akkana jedhu duubatti deebi’e: “Eeyyeen! Rabbiin kakadhe, yeroon gahee jira.”

    Karaa daaritti goree halkan achi bule. Karaa kana keessa namoota karaa deemantu

    ture. Namoonni kunniin akkana waliin jedhu: “Fudayl karaa mura (shiftaadha).”

    Ergasii Fudayl akkana ofiin jedhe: Waa! Halkaniin Rabbiin faallessuuf nan carraaqa,

    Muslimoonni na sodaatu! Yaa Rabbii! Gara Keetti deebi’e (tawbadhe). Gara Keetti

    tawbachuu kiyya cinaa Mana Kee qulqulluu (Al-Masjid al-Haraam) godhee.”38

    (Fudeyl umrii isaa hafee Makkaan deemun Al-Masjiid Al-Haraam cinaatti dabarse.

    Kana booda seenaa keessatti nama gaarii fi beekumsa qabu ta'uun beekkame.)

    “Akka warra isaaniin dura kitaabni kennameefi, yeroon isaanitti dheeratee

    qalbiin isaanii gogde hin ta’in.” Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa warroota amanan yahuudotaa fi kiristaanotaan wal fakkaachu irraa ni dhoowwe. Yahuudotaa fi

    Kiristaanonni yommuu yeroon dheeraan isaan irra darbu, kitaaba Rabbii harka

    isaanii jiru ni jijjiran, gatii xiqqaan ni gurguratan. Kitaaba Rabbii of duubatti

    darbanii ilaalcha garagaraa fi dubbii sobaatti qajeelan. Amantii Rabbiin isaaniif

    kaa’e keessatti dhiirota akkeessan. Raabi, qeeysotaa fi moloksee isaaniitiif

    ajajamuun Rabbii gaditti gooftolee godhatan. “Baay’een isaanii faasiqota” kana jechuun Yahuudotaa fi Kiristaanotaa irraa baay’een isaanii Rabbiif ajajamuu didanii

    jiru. Qalbiin isaanii faasida (tan baddeedha), hojiin isaanii baaxila (soba). Akkuma

    Rabbiin olta’aan jedhe:

    “Sababa waadaa isaanii diiganiif isaan abaarree qalbii isaanii gogdu taasifne.

    Jechoota bakka isaaniitii ni jijjiru, wanta ittiin gorfaman irraas qooda ni

    dagatan (ni dhiisan).” Suuratu Al-Maa’ida 5:13

    Kana jechuun qalbiin isaanii ni badde, ni gogde. Barteen (amalli) isaanii jechoota

    bakka sirrii isaanii irraa jijjiruudha. (Kitaaba isaanii Tawraati fi Injil keessatti

    jechoota bakka sirrii irraa jijjiru). Hojii itti ajajaman ni dhiisan, wanta irraa

    dhoowwaman itti lixan. Kanaafi, Rabbiin warra amanan, dhimmoota hundee fi

    damee keessatti yahuudotaa fi kiristaanotaan wal fakkaachu irraa ni dhoowwe.39

    38 Tafsiiru Al-Qurxubii-20/256 39 Tafsiiru Ibn Kasiir-7/181

  • 33

    ْ ٱ﴿ َن ۡعلَُمو اَۡرَض ٱيُۡۡحه ّلَلَ ٱأ

    َههَ ۡۡل ﴾١٧لََعَلُكۡم َتۡعقهلُونَ ٓأۡلَيَٰته ٱا قَۡد بََيَنا لَُكُم َبۡعَد َمۡوت

    “Beekaa! Rabbiin dachii du’a ishiitiin booda ni jiraachisa. Akka hubattaniif

    aayaata isiniif ifa goonee jirra.” Suuratu Al-Hadiid 57:17

    “I’ilamuu (Beekaa)” jechuun dubbii jalqabuun, wanti namatti himamu wanta cimaa

    xiyyeefannoo fi gurra itti kennu barbaachisu akka ta’e namatti beeksisa. Jecha,

    “Beekaa” jedhu booda wanti dhufe dhokataa haa ta’uu malee gatii guddaa akka qabu

    agarsiisa. Kunis haala qalbii amantee zikrii Rabbiitti hajamtu, haala lafa duutu

    gogdee roobatti hajamtuun wal fakkeessu barbaadamee. (Akkuma lafti biqiltoonni

    irraa baduun duutee fi gogde, biqiltoonni ishii irratti akka biqilaniif roobatti hajamtu,

    qalbiin gogdee fi duutees akka laaftuu fi jiraattuuf yaadannoo Rabbii fi Qur’aanatti

    hajamti.) Zikriin Rabbii fi Qur’aanni akka roobaati.40 Akkuma sababa roobaatin lafti

    duute fi gogde jiraattu, sababa zikrii fi Qur’aanaatiinis qalbiin gogdee fi duute ni

    jiraatti. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota lama qulqulluu samii irraa buuse.

    1ffaa-rooba qaamni namaa ittiin jiraatudha. Roobni roobun biqiltoonni ni biqilu,

    ergasii namoonni biqiltoota kannin nyaatun qaamni isaanii ni jiraata. 2ffaan- immoo

    wahyii (beeksisa) ruuhi fi qalbiin namaa ittiin jiraataniidha. Qur’aanni wahyii

    Rabbiin irraa bu’e waan ta’eef ruuhi fi qalbiin ittiin jiraatu. Qalbiin dukkana kufrii,

    shirkii fi wallaalummaa keessatti taruun gogdee fi duute, Qur’aanan dukkana cillimii

    kana keessaa gara ifaatti bahuun jiraatti. Dhiphinna, jeeqamuu fi jallinna booda

    bal’inna, tasgabbii fi qajeelinna argatti.

    Haafiz ibn Kasiir aayah tana ilaalchise ni jedha: Rabbiin qalbii gogde akka laaffisuu,

    nama dhama’aa jallinna isaa booda akka qajeelchu, rakkoon erga cimee booda karaa

    bahiinsa akka godhu aayan tuni ni agarsiisti. Rabbiin akkuma dachii duute fi gogde

    rooba baay’ee itti roobsun jiraachisu, qalbii gogde ragaalee Qur’aanatiin ni

    qajeelcha. Qalbiin cufamte homtu ishii akka hin geenye erga taate booda ifa qalbiitti

    ni seensisa. Inni qulqullaa’e jallinnaan booda nama fedhe Kan qajeelchudha.41

    Ammas wanti jecha “Beekaa” jedhu irraa barbaadame, “Du’aan booda kaafamni

    akka jiruu” mirkaneessufi. Kana booda ibsi aayah akkana ta’a: Beekaa! Rabbiin

    subhaanahu wa ta’aalaa dachii du’a ishiitiin booda rooba itti roobsun ni jiraachisa,

    kanaafu, biqiltoota ni biqilchiti. Akkuma kana Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa namoota

    40 Tafsiiru tahriir wa tanwiir-27/393 41 Tafsiiru ibn Kasiir-7/182

  • 34

    du’an kaasu irratti danda’aa akka ta'e beekaa. Ammas, qalbii erga gogde laaffisuu

    irratti danda'aa akka ta'e beekaa.42

    “Akka hubattaniif aayaata isiniif ifa goonee jirra.” Kana jechuun akka hubattanii

    gorfamtaniif ragaalee fi wantoota Dandeetti Keenya agarsiisan isiniif ifa goonee

    jirra.43

    Aayah tana “Beekaa!” jedhee jalqabuun sammuun beeku qofa osoo hin ta’in wanta

    beekan hojii irra akka olchan namatti akeeka. Namni, “Sababa Qur’aanaatin qalbiin

    akka laaftu fi jiraattu” beeke, Qur’aana barachuu fi hojii irra oolchuuf tattaafata.

    Kanaafu, wanta beeke hojii irra oolchun firii barbaadame argata. Akkasumas,

    qabxiin biroo aayah tana irraa hubatamu qabu, nama dukkana jallinnaa fi badii

    keessatti taree Rabbiin guyyaa tokko isa qajeelchu fi qalbii isaa jiraachisu danda’a.

    Kanaafu, namni jallinnaa fi badii keessatti yoo taree, gara Rabbii deebi’uun

    qajeelcha Isarraa haa barbaadu, qalbiin isaa akka laaftuf Isa haa kadhatu. Ammas,

    namoota jallinna keessatti taran tuffachuu osoo hin ta’in karaa itti agarsiisuuf

    carraaqudha. Rabbiin subhaanahu akkuma dachii gogde jiraachisu qalbii isaaniis

    jiraachisu irratti danda’aa waan ta’eef.

    42 Tafsiiru Muyassar-539

    43 Madda olii

  • 35

    Warri Sadaqatanii fi Karaa Rabbii Keessatti Qabeenya Ofii Arjooman Mindaa Dachaa Argatu

    قهنيَ ٱإهَن ﴿ ه َٰته ٱوَ لُۡمَصد َق ه قَۡرُضواْ لُۡمَصد َا يَُضََٰعُف لَُهۡم ّلَلَ ٱَوأ قَۡرًضا َحَسن

    ۡجٞر َكرهيمٞ َ ﴾١٨َولَُهۡم أ

    “Dhugumatti, dhiironni fi dubartoonni sadaqatanii fi Rabbiif liqaa gaarii

    liqeessan, [mindaan isaanii] dachaa isaaniif ta’a. Isaaniif mindaa gaariitu

    jira.” Suuratu Al-Hadiid 57:18

    “Dhugumatti, dhiironni fi dubartoonni sadaqatanii” kana jechuun dhiironni fi

    dubartoonni namoota haajaa qabanii fi rakkataniif qabeenya isaanii kennan,

    akkasumas, “Rabbiif liqaa gaarii liqeessan” kana jechuun niyyaa qulqulluun,

    jaalala Rabbii barbaaduun karaa kheeyri (gaarii) keessatti qabeenya isaanii baasan,

    mindaan kanaa isaaniif baay’ata. Kudhan irraa jalqabe hanga dhibba torba gahuu fi

    sani ol ta’utti dacha dachaa isaaniif ta’a.44 Jecha gabaaban, dhiironnii fi dubartoonni

    sadaqaa kennatanii fi jaalala Rabbii fi mindaa Isa bira jiru kajeelun qabeenya isaanii

    karaa Isaa keessatti baasan, mindaan isaanii dacha dachaa isaaniif ta’a. Kanaa olitti

    immoo “Isaaniif mindaa gaariitu jira” Mindaan gaarii fi kabajamaan kunis

    Jannata.

    Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa, “Rabbiif liqaa gaarii liqeessan” yommuu jedhu,

    liqatti hajamee osoo hin ta’in, nama qabeenya arjoomutti tola oolu waan barbaadefi.

    Akkasumas, namni guddinna mindaa akka beekufi. Rabbiin subhaanahu Dureessa

    homaattu hin hajamneedha.

    Karaa Rabbii keessatti baasun, liqaa gaarii kan jedhameef nama karaa gaarii

    keessatti qabeenya akka baasu fi arjoomu kakaasuufi. Nama biratti wanta garmalee

    jaallatamaa ta’e keessaa tokko, “Qabeenya”. Qabeenya kana wanta nafsee isaa

    gammachiisuu fi faayda naaf fida jedhee yaadu irratti malee baasu hin barbaadu.

    Kanaafu, qabeenya inni baasu hin barbaanne kana, “Liqaa liqeessi dacha dachaa

    ta’ee siif deebi’a” yoo jedhame, liqeessuuf ni ariifata. Kanaafi, warri baanki seera

    Islaamaatin hin bulle, liqaa namaaf liqeessuuf ni ariifatu. Sababni isaas, liqaa yoo

    liqeessan maallaqni dachaa ta’ee isaaniif deebi’a. Kuni dhala ykn ribaa waan ta’eef

    Islaama keessatti dhoowwamaa (haraama)dha. Garuu bakka dhalaa (ribaa) wanta

    44 Tafsiiru ibn Kasiir-7/182-183, Tafsiiru Muyassar-539, Tafsiiru Sa’dii-991

  • 36

    dachaa namaaf ta’u Rabbiin bakka buuse. Wanti kunis sadaqaa fi karaa Rabbii

    keessatti baasu (liqaa gaariidha). Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

    َٰله ﴿ ۡمَوَُبَواْ ِفه أ هَيۡ ا ل هب هن ر َءاتَۡيُتم م

    َوَما ّلَله ٱفَََل يَۡرُبواْ عهنَد نلَاسه ٱَوَما ةٖ تُرهيُدوَن وَۡجَه هن َزَكوَٰ ئهَك ُهُم ّلَله ٱَءاتَۡيُتم م

    َٰٓ ْولَُ ﴾٣٩لُۡمۡضعهُفونَ ٱفَأ

    “Qabeenya namootaa keessatti akka dhaluuf wanti isin dhala irraa kennitan,

    Rabbiin biratti homaa hin dhalu. Garuu zakaa irraa Fuulaa Rabbii barbaadun

    wanti isin kennitan, [isatu isiniif dhala]. Isaan sun mindaan kan isaaniif

    baay’atuudha.” Suuratu Ar-Ruum 30:39

    Kana jechuun dhala niyyachuu fi liqaan qabeenya namootaa keessatti akka isiniif

    dabalu barbaadun qabeenya irraa wanti isin akka liqaatti kennitan, Rabbiin biratti

    hin dabalu. Kana irra, Rabbiin ni balleessa. Garuu Jaalala Rabbii barbaadu fi mindaa

    Isaa kajeelun wanti isin akka zakaa fi sadaqaatti namoota haajaa qabanii fi

    rakkataniif kennitan, Rabbiin isiniif baay’isa, mindaa dacha dachaa isiniif godha.45

    Aayan tuni akkana jechuunis ibsamte: “Namoonni wanta inni kenne caalaa dachaa

    godhanii akka isaaf deebisan barbaaduun namni kennaa kenne, namni kuni Rabbiin

    biratti mindaa hin argatu. Sababni isaas, kennaa kana keessatti jaalala Rabbii hin

    barbaanne.”46

    Namni kuni mindaa haa dhabu malee badiin isarra hin jiru. Garuu namni liqaa

    liqeessun liqaan isaa dacha ta’e akka isaaf deebi’u barbaadu, badiin isarra jira.

    Mindaallee ni dhaba, dhala waan nyaatefis ni adabama.

    Warri Rabbii fi Ergamtoota isaatti amanan warra sirritti dhugaa ta ’aniidha

    45 Tafsiiru Muyassar-408 46 Tafsiiru ibn Kasiir-6/97, Tafsiiru Xabarii-18/508

  • 37

    “Isaan Rabbii fi Ergamtoota Isaatti amanan, isaan sun siddiquun fi Gooftaa

    isaanii biratti shuhadaa’a, mindaan isaaniitii fi ifni isaanii isaaniif jira. Isaan

    kafaranii fi aayaata Keenya kijibsiisan immoo isaan sun warra ibiddaati.”

    Suuratu Al-Hadiid 57:19

    Siddiquun jechuun warra iimaanni isaanii guutuu ta’e, hojii gaggaarii hojjatan,

    beekumsa nama fayyadu fi yaqiina (mirkaneefannaa) dhugaa qabaniidha.47 Jecha

    gabaaban, siddiquun jechuun amantii, dubbii fi hojii isaaniitin sirritti dhugaa kan

    ta’aniidha. Akka munaafiqotaa dubbii fi hojiin alaa amantii isaanitiin wal hin

    faallessu. Amaariffaan, "በጣም እውነተኞቹ" jechuun hiikan. Siddiquun qalbiidhaan

    shakkii tokko malee dhugaan amanuu, dubbii fi hojii isaanii keessatti dhugaa ta’u.

    Nabiyyootatti aanee sadarkaan guddaan sadarkaa siddiquunati.

    Shuhadaa’a hiika lama qaba: 1ffaa-warra ragaa bahan, 2ffaa-warra karaa Rabbii

    keessatti ajjeefaman.

    Hiika kana irraa ka'uun hayyoonni aayah tana ibsuu irratti yaada lama qabu:

    1ffaa- himni “wallaziina aamanu…” jedhee jalqabu, “humu siddiquun” jedhu irratti

    dhaabbata. Kana booda himni lammataa, shuhadaa’a jechuun jalqaba. Akkaata ibsa

    kanaatti, hiikni aayah akkana ta’a: Isaan Rabbii fi Ergamtoota Isaatti amanan,

    dhugumatti isaan sun warra sirritti dhugaa ta’aniidha (siddiquun). Shuhadaa’a (warri

    karaa Rabbii keessatti ajjeefaman) immoo “mindaan isaaniitii fi ifni isaanii

    isaaniif jira.” Kuni ibsa Ibn Abbaas, Masruuq, Dahhak, Muqaatil fi kanneen biroo

    kennaniidha.

    2ffaa- siddiquun fi shuhadaa’a osoo addaan hin baasin aayan guutuun walitti

    hidhamuun hima tokko taati. Akka ibsa kanaatti hiikni aayah akkana ta’a: “Isaan

    Rabbii fi Ergamtoota Isaatti amanan, isaan sun warra sirritti dhugaa ta'anii fi Gooftaa

    isaanii biratti warra ragaa bahaniidha, mindaan isaaniitii fi ifni isaanii isaaniif jira.”

    Mujaahid fi hayyoonni biroo ibsa kana kennanii jiru.48

    47 Tafsiiru Sa’dii-991 48 Tafsiiru Xabarii-22/413-415, https://www.englishtafsir.com/Quran/57/index.html#sdfootnote34sym, Bidaa’u Tafsiir-3/129-130,

    Ibn Al-Qayyim

    https://www.englishtafsir.com/Quran/57/index.html#sdfootnote34sym

  • 38

    Warroonni Rabbii fi Ergamtoota Isaatti amanan, addunyaa tana keessatti warra

    sirritti dhugaa ta’aniidha (siddiquun), Guyyaa Qiyaamaas namoota irratti ragaa bahu

    (shuhadaa’a ta’u).49 Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

    “Namoota irratti raga baatota (shuhadaa’a) akka taatanii fi Ergamaanis isin

    irratti ragaa bahaa akka ta’uuf akka kanatti ummata jiddu-galeessaa isin

    goone.” Suuratu Al-Baqarah 2:143

    Aayah keessatti Rabbii fi Ergamtoota Isaatti amanan jedhee kaasun Yahuudota fi

    Kiristaanota osoo ifatti hin baasin haala hubatamuun qeeqa. Yahuudonni

    Ergamtoota hundatti hin amanne. Nabii Muusatti amananii, Nabii Iisaa fi Nabii

    Muhammaditti kafaran. Kiristaanonnis Nabii Iisaatti amananii garuu Nabii

    Muhammaditti ni kafaran. Kana jechuun Nabii Muhammad (SAW) Ergamaa Rabbii

    ta’uu hin amanne. Akkasumas, waa’ee Rabbii olta’aa ilaalchise amantiin isaan

    qaban badaa kan ta’eedha. Kanaafu, yahuudonni fi kiristaanonni warra dhugaa

    (siddiquun) hin jedhaman. Warri sirritti dhugaan amanan, warra Rabbiitti haala sirrii

    ta’een amananii fi osoo Ergamtoota addaan hin baasin Ergamtoota hundatti

    amananiidha. Dhugumatti, warri kuni Guyyaa Qiyaamaa namoota irratti ragaa

    bahuun wanta isaaniif haqa ta’uudha.

    “Isaan kafaranii fi aayaata Keenya kijibsiisan immoo isaan sun warra

    ibiddaati.”

    Kana jechuun namoonni Rabbii fi Ergamtoota Isaatti hin amanne, keeyyattota fi

    ragaalee Isaa akka sobaatti ilaalan, isaan sun warra ibiddaati. Mindaas ta’e ifni

    isaaniif hin jiru. Warri kuni yahuudota, kiristaanota, mushrikootaa fi namoota biroo

    ni hammata. Zamana Nabiyyii (SAW) keessa mushrikoonni Makkaa haqa isaaniif

    dhufetti amanuu didan. Yahuudonnis Nabii Iisaa fi Nabii Muhammad Ergamtoota

    Rabbii ta’uu amanuu didan. Kiristaanonnis wanta Rabbiif hin malle jedhan.

    Kanarratti dabalatee, Nabii Muhammad (SAW) Ergamaa Rabbii ta’uu hin amanne.50

    Zamana kana wanti kana hundarra badaa ta’e immoo jiraachu Rabbiitti subhaanahu

    49 Bidaa’u Tafsiir-3/130, Ibn Al-Qayyim 50 Tafsiiru tahriir wa tanwiir-27/400

  • 39

    wa ta’aalaa warra hin amanne (eetist). Kunniin hundi yoo hin tawbatin warra

    ibiddaati. Rabbiin rahmata Isaatiin ibiddaa fi wantoota gara ibiddaatti nama geessan

    irraa nu haa tiiksu.

  • 40

    HAQIIQAA (DHUGAA) JIREENYA ADDUNYAA

    Jireenyi addunyaa namoonni dheebotanii fi irratti wal fixaniif tuni maalidhaa?

    Haqiiqaan (dhugaan keessa) ishii akkamii? Namni sirritti keessaa fi dhuma jireenya

    addunyaa yoo hin beekin gubbaa ilaalun ni gowwooma. Aayan suuratu Al-Hadiida

    armaan gadi haqiiqa jireenya addunyaa ifatti baasti.

    ْ ٱ﴿ َنَما ۡعلَُمو اَةُ ٱأ ۡنَياٱ ۡۡلََيوَٰ ُۢ بَۡيَنُكۡم َوتََكاثُٞر دلُّ لَعهٞب َولَۡهوٞ َوزهيَنةٞ َوَتَفاُخُر

    َٰله ٱِفه ۡمَوَۡوَلَٰدهِۖ ٱوَ ۡۡل

    َۡعَجَب ۡۡل

    ََُٰه ُثَم يَههيُج فََتَ ۥَنَباتُهُ لُۡكَفارَ ٱَكَمَثله َغۡيٍث أ ىا َوِفه ا ُثَم يَُكوُن ُحَطَٰم هَن ٓأۡلٱُمۡصَفر يٞد َوَمۡففهَرةٞ م ه َعَذاٞب َدده َرة ّلَله ٱخه

    َٰٞن َوَما ةُ ٱَورهۡضَو ٱ ۡۡلََيوَٰۡنَيا ﴾٢٠لُۡفُروره ٱإهََل َمَتَُٰع دلُّ

    “Jireenyi addunyaa tapha, lahw, faaya, jidduu keessanitti dhaadannoo,

    qabeenyaa fi ilmaan baay’ifachuu qofa akka taate beekaa. Fakkeenyi [ishii]

    akka bokkaa biqilaan isaa kuffaara dinqisiisee ergasii gogee daalacha’aa ta’e

    argitu, ergasii caccabaa ta’uuti. Aakhiratti adabbii cimaa fi Rabbiin irraa

    araaramaa fi jaalalatu jira. Jireenyi addunyaa mataa'u [nama] gowwoomsitu

    malee waan biraati miti.” Suuratu Al-Hadiid 57:20

    Asitti “kuffaar” jechuun qotee bultoota ykn namoota midhaan facaasaniidha. Hiikni

    biraa “Kuffaar”-namoota Rabbitti hin amanneedha. Mataa'u jechuun wanta yeroo

    gabaabaf itti fayyadamanii ergasii dhumatuu fi baduudha.

    Keeyyata tana keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota addunyaa tana

    keessatti nama gowwoomsan ramaddii gurguddaa shan jalatti walitti qabuun ni ibse.

    Isaanis: Tapha, lahw (bashannana), faaya, wal-jidduutti dhaadachuu, qabeenyaa fi

    ijoollee baay’ifachuudha.

    Addunyaa keessatti ramaddi gurguddaa kanaan ala ramaddin biraa namoonni ittiin

    wal dorgaman jiraa? Dhugumatti, faaydan addunyaa namoonni umrii fi humna ofii

    itti fixan tapha, bashannana, faaya, dhaadannoo, qabeenyaa fi ijoollee baay’ifachuu

    bira hin darbu.

  • 41

    Fakkeenya armaan oli aayah keessatti kenname sirritti hubachuuf mee bakka lamatti

    haa qoonnu. Tokkoffaa- wantoota shanan armaan olii, 2ffaa- ilma namaa

    Wantoota shanan kanniin manasxirii nama gowwoomsun osoo hin ta’in manasxirii

    dhugaatiin yoo ilaalle, fakkeenyi isaanii akka biqilaa roobni itti roobee biqileeti.

    Dhugumatti jireenyi addunyaa jalqaba irratti biqilaa waqtii gannaa lafaa ol biqiluutin

    wal fakkaatti. Ergasii biqilaan kuni yeroo birraan bari’u miidhaginni isaa qotee

    bulaa dinqisiisa. Haaluma kanaan, jireenya addunyaa yommuu garmalee

    miidhagdu kaafiraa fi nama iimaanni isaa dadhabaa ta’e dinqisiifti. Ergasii ji’oota

    birraa gara dhumaatti biqilaa ykn midhaan kanarraa magariisni deemun gogee

    daalachaa’a. Gogee dalachaa’un kuni oomishaaf guutuu ta’uu agarsiisa. Jireenyi

    addunyaas haaluma kanaan guuttamti. Ergasii biqilaan kuni gogee erga daalachaa’e

    booda lafarratti caccaba. Magariisni duraan nama dinqisiisu homaa hin hafu.

    Haftee malee homtu hin mul’atu. Jireenyi addunyaas haaluma kanaani. Dhumti ishii

    caccabuu fi baduudha.

    Wantoota shanan kanniin keessaa akka fakkeenyaatti “faaya” haa fudhannu. Faaya

    jechuun wanta miidhagaa nama hawwatuudha. Fkn, manni wantoota adda addaatin

    ni faayama. Jalqaba manni ni ijaarrama. Ergasii yommuu faayamee xumuramu,

    akkuma midhaan magariisaa nama dinqisiisa. San booda akkuma midhaan gogee

    daalachaa’u manni kunis dulloomee fokkata. Akkuma midhaan erga gogee booda

    caccabu, manni kunis takkaa dulloomee kufa, takkaa immoo balaan itti bu’un

    caccabe daaraa ta’a. Kunoo jireenyi addunyaa namni ittiin of tuuluu fi akka

    guddaatti ilaalu kana fakkaatti. Telefoona harka qabdu, konkolaataa si dharraasisu,

    gamoo si hawwiisisuu fi meeshaalee addunyaa biroo fakkeenya kanaan wal bira

    qabi. Hundi isaanitu fakkeenya kanaan kan walitti galan ta’e argita. “Jireenyi

    addunyaa mataa’u [nama] gowwoomsitu malee waan biraati miti.” (Mataa’u

    jechuun wanta yeroo murtaa’ef itti fayyadamanii ergasii baduudha. Kan akka

    meeshaa, nyaata, dhugaati, uffata, qabeenya fi kkf.) Namni dhuma jireenya

    addunyaa hin hubanne, wanta jalqaba irratti arguun gowwoomun qananii turaa

    Aakhiratti argatu dhaba.

    Gara jireenya ilma namaatti yoo dhufne immoo, namni jalqaba yommuu dhalatu,

    miidhagaa nama dinqisiisuu biqilaa lafaa ol biqiluun wal fakkaata. Akkuma biqilaan

    yeroo magariisa ta’ee firii buufachuu jalqabu nama dinqisiisu, mucaan kunis yeroo

    daa’imummaa, ijoollummaa fi dargaggummaa isaatti nama dinqisiisa. Biqilaan firii

    baadhachuun goguu fi daalachaa’u jalqaba. Haaluma kanaan namni kunis guddate

    gara jaarsummaatti dhiyaata. Fuulli, amalli fi haalli isaa jijjiramu jalqaba. Midhaan

    erga gogee fi daalachaa’e booda caccabee citaa ta’a. Namni kunis umrii jaarsummaa

  • 42

    keessa seenun dadhabaa, humna kan hin qabne, socho’uun kan itti ulfaatu ta’a.

    Hanga siree irraa hin sochoone gaha. Jireenyi namaa addunyaa keessatti kunoo

    akkana. Kana booda maaltu jira ree? Kana booda duuti ni dhufti. Du’anii achiin

    hafuun waan hin jirreef, qorannoo fi jazaan Guyyaa Qiyaamaa ni dhufa. Kanaafi ni

    jedha: “Aakhiratti adabbii cimaa fi Rabbiin irraa araaramaa fi jaalalatu jira.”

    Aayah keessatti bakka zurraa’a jedhu jechi kuffaar jedhu ni filatame. Kuffaar

    jechuun namoota Rabbiitti, Guyyaa Qiyaamaa fi hundeewwan iimaanaa hafanitti hin

    amanneedha. Ammas, hiikni biraa kuffaara- namoota midhaan facaasaniidha.

    Zurraa’a jechuunis namoota midhaan facaasaniidha. Garuu bakka “zurraa’a” jedhu

    jechi "kuffaar" kan filatameef, addunyaa tanaan guutumaan guututti kan

    goowwoomu kuffaara (namoota Rabbii fi Guyyaa Qiyaamaatti hin amannee) ta'uu

    agarsiisufi. Sababni isaas, Aakhiratti waan hin amnneef qananiin guddaan addunyaa

    caalu isaan abdatan hin jiru. Kanaafu, sadarkaa jalqabaa irratti fakkeenyi kuni

    isaanitti kan qajeeludha.

    Mee amma wantoota shanan armaan olii nama gowwoomsu bal’inaan haa ibsinu:

    1-La’ab (tapha)- kuni hojii jabaa fi cimaa hin taaneedha. Taphni hojii daa’immanii

    fi ijoollee keessatti ni baay’ata. Marsaan ijoollummaa marsaa taphaati. Namoonni

    biroos garaagarummaa umrii fi sammuu irratti hundaa’e tapha ni taphatu. Marsaa

    taphaatiin alatti tapha k