biqiltuu (dhalootaa hanga ji’a 6) - gtn-learning.org facilitators guide... · faayidaa aannan...

8

Upload: others

Post on 14-Sep-2019

21 views

Category:

Documents


1 download

TRANSCRIPT

KUTAA 4 BIQILTUU (Dhalootaa hanga ji’a 6)

5. “Daa’imni BIQILTUUN maal akka ta’e eenyutu nu yaadachiisa”?

Da’imni biqiltuun daa’ima umrii dhalootaa hanga ji’a 6 gidduu jiru dha

6. Qabxiilee kanneen xiyyeeffannoon ibsaafii -

Daa’imman BIQILTUUN haaraan akkuma dhalataniin sa’aatii tokko keessatti silga jechuun aannan harmaa jalqaba bahu qofa kennaa.

Daa’imman BIQILTUUN aanna harma qofa dhuguu qabu. Aannan harmaa waan isaan barbaachisu hunda ni guutaaf- dhalatanii hanga ji’a jaha guutanitti nyaata yookan dhangala’aa biraa nyaachuu yookan dhuguu hinqaban.

Daa’imman BIQILTUUN hanga ji’a jaha guutanitti bishaan homaayuu isaan hin barbaachisu: aannan harma bishaan gahaa qaba.

Haati hanguma baay’inaan harma hoosistu, harmi ishees aannan baay’ee Oomisha.

Abbootiin warraafimiseensotni maatii biroon; Mootiiwwan Kanniisaa harma hoosisan baay’isanii akka nyaatan, sirriitti boqatanii daa’imman isaanii BIQILTUU hoosisuuf yeroo gahaa argatan gargaaruu qabu.

Gulantaa 4: Muuxannoowwan Hoosisa harmaa sirriiGaafadhu: Barbaachisummaa Silgaa yookan aannan harmaa jalqaba bahuu fi daa’imman Keenya

BIQILTUU reefu dhalataniif kennuun baay’ee gaarii akka ta’e eenyutu beeka?”

Faayida silga daa’imaaf kennuu qabxiilee armaan gadii xiyyeeffannoon ibsi:

Daa’immanirraa vaayirasootaafi baakteeriyaa dhukkuba fidan ittisa.

Aannan kun uumaman qofa kan argatan taalaallii daa’immanii kan jalqabaati.

Garaa daa’imaa qulqulleessa akkasumas ujummoo nyaanni itti daakamu (mari’maan/ xeerii) isaanii miidhamarraa eega.

Nyaata, nyaatawwan gabbisaa fi bishaan daa’imaaf barbaachisan hunda of keessaa qaba.

Gaafadhu: Daa’imni BIQILTUUN akkuma dhalateen sa’aatii tokko keessatti harmatti dhiyeessanii qabuun maaliif barbaachisa?

Qabxiilee armaan gadii xiyyeeffannoon ibsi: Kana raawwachuun dhangala’uu dhiigaa dahumsa boodaa hir’isa

Silga fayyaa haadhaafis ta’e daa’imni reefu dhalatuu akka argatu gargaara.

Daa’ima hanguma dafanii harmatti dhiyeessanii qabuu, aannan harma dafee akka bahuu fi daa’imni nyaata akka argatu gargaara.

Hanguma daa’imni baay’isee harma luuggate; harmis aannan baay’ee Oomisha.

Daa’ima reefu dhalatellee du’aaf saaxilamuu jalaa baraarama.

Mata-dureewwan Ijoo Kutaa Kanaa Meeshaalee Barbaachisan Daa’imman reefu dhalatan aannan harma haadhaa silga sa’aatii tokko osoo hin guutiin akka argatan taasisuu

Waa’ee harma qofa hoosisuu

Waa’ee harka dhiqannaa sirrii

Haala sirrii bobbaa daa’imaa itti gatamu/awwaalamu

Daakuu Irdii

Tapha Argannaafi Bitannaa, Kaardota Maallaqaa

Yaadannoo Maatii

Gulantaa 1: Baga nagaan dhuftanAkkas jedhaa: Marii hawaasa gabbataa afraffaa Guyyoota 1000 Jalqabaa kanaaf baga nagaan dhuftan.

Gulantaa 2: Keessa deebii kutaa darbeeAkkas jedhaa: “MHG keenya isa darberratti, Mootiiwwan Kanniisaa keenyaaf yeroo ulfaa gara

boodaarratti maal gochuu akka qabnu barannee turre. Mariiwwan manatti mari’annu fooyyessuudhaaf, tooftaalee waliigaltee (koomunikeeshinii) gara garaa kan baranne yammuu ta’u, dandeettiiwwan kanneen fayyadamuullee shaakallee turre.

1. Yeroo miseensota maatii keenyaa waliin haasofnu, akka amala LEENCAA dheekkamaa/tuu ta’uu, akka amala HARREE ofgataa/ofgattuu ta’uu, akka DAMMAAFI BISHAANII ofitti amanaa/ofitti amantuu fi ejjenno-qabeessa/qabeettii kan garalaafummaafi obsa walii qabnu ta’uu.

2. “Poostara Akaakuu Nyaata madaalamee fudhatanii galtanii akka miseensota maatii keessaniitti agarsiistaniifi keenyaa manaatti fannistan hunda keessaniif kenneen ture. Isin keessaa mee nama meeqatu/hagamiitu poostaricha miseensota maatii keessaniitti agarse? Nama meeqatu poostaricha keenyaa manaatti fannies?

3. Akkasumas waa’ee “guyyaa guyyaan nyaatawwan abbaa URJII baay’inaan nyaachuu, lamaaf jedhanii nyaachuu, akkasumas yeroo hunda qoraanii fi bishaan waraabuun haadha warraa keenya ni gargaarra kan jedhan muuxannooo namoota dhuunfaa gara mana keessanitti fudhattanii akka galtaniif hunduma keessaniif kenneen ture. Mee isin keessa meeqan keessantu mootiiwwan kaannisaa akkaataa kaardii muuxannoo namoota dhuunfaa irratti ibsametti gargaaruuf kan irratti walii galtan?

4. Akkasumas waa’ee Karoora yaadannoo sirna nyaata guyyee Haadholee taphannee turre. Nyaatawwanii fi tursiistuuwwan Mootiiwwan Kanniisaa nyaatanitti miseensotni maatii nyaatawwan ABBAA URJII akka makatanii kennuu akka yaaltan dubbannee turre. Isin keessaa mee nama meeqatu dhimma kana haadha warraa/abbaa warraa yookan miseensota maatii keessan wajjiin mari’ate? “

Yaadadhaa: Namoonni meeqa waan kana akka raawwatan, yaadannoo fi unkaa gabaasaa keerratti BARREESSI.

Gulantaa 3: Mata-duree har’aa beeksisuu: BIQILTUU (daa’imman dhalootaa kaasee hanga ji’a 6 jiran)

Gaaffii: Filiipchaartii irraa maaltu isinitti mul’ata

Deebii: Daa’ima laphee haadhaa irra jiru; Haadha harma hoosiftu; hakiima

Akkas jedhaa: Kutaa marii keenya har’aa irratti, waa’ee daa’ima BIQILTUU fi daa’imman BIQILTUUn ciccimoo, qareeyyii fi fayya qabeeyyii ta’anii akka guddatan gargaaruudhaaf haadholeefi miseensonni maatii maal raawwachuu akka danda’an mari’anna.

Faayidaa Aannan harma haadhaa kanneen armaan gadii haala hirmaachisaa ta’een ibsaafii. Daa’imman BIQILTUUN hanga ji’a jaha guutanitti aannan harma haadhaa qofa hodhuu qabu

Aannan harma haadhaa guddina qaamaafi gabbina sammuu daa’imman BIQILTUUF barbaachisan hunda of keessa qaba.

Aannan harmaa nyaatawwan gabbisaa ta’e ijaa fi guddina kutaalee qaama biroof gargaaru of keessaa qaba.

Aannan harmaa Infeekshinoota adda addaa (garaa kaasaa, dhukkuba qaama argansuu kanneen akka michii sombaa(nimooniyaa), infeekshinii gurraa fi morma gogsaa(mananjaayitsii)daa’immanirraa ittisa; asumasni lubbuu baraaruu danda’a.

Aannan harmaa garaadaa’immanii keessatti akka salphaatti daakama.

Daa’imman ji’a jaha osoo hin guutin aannan loonii, bishaanii fi nyaata biraa kennuufiin hin barbaachisu.

Aannan harmaa nyaata gabbataa fi bishaan da’immaniif barbaachisaa ta’e of keessa kan qabu dha

Daa’imman BIQILTUUN aannan harmaa qofa fudhatan haala gaariin guddatu, carraan dhukkubaaf saaxilamanis xiqqaa dha; daa’imman aannan harmaa qofa hin hoone waliin yoo madaalamanis sadarkaaa barumsaanis fooyyee qabu.

Gaafii: Filiipchaarii irraa maaltu isintti mul’ata

Deebii: Daa’ima laphee haadhaa irra jiru; Haadha daa’ima reefu dhalate harma hoosiftu; Narsii; Doktora; Duburtii Nyaata nyaattu.

Gulantaa 5: Tooftaan Hoosisa Harmaa Sirriin Dhimma MaatiitiGaaffilee kanneen gaafadhuuti, namoonni osoo hin dhiphatin yaada qaban akka qoodan jajjabeessi:

Dubartiin yeroo deessu yeroo baay’ee eenyutu ishee bira ta’a?

Daa’ima BIQILTUU haaraa eenyutu deessisa?

Haati daa’ima BIQILTUU reefu dhalate yoom ofitti hammatti?

Daa’ima BIQILTUU reefu dhalateef, waan nyaatu yookaan dhugu kennamuuf maali? Maaliifi? Eenyutu kennaaf?

Haati harma hoosisuu yoom jalqabdi? Akka hoosistu eenyu ishee gargaara yookaan gorsa?

Aannan jalqaba bahu (silgi) maal ta’a? Hadholeen yeroo hedduu daa’imman BIQILTUU isaanii reefu dhalataniif silga ni kennu moo ni dhangalaasu? Maaliif?

Akkas jedhaa: Yeroo baay’ee dubartootni yeroo dahan haadholiin yookan amaatiiwwan isaanii isaan waliin ta’u; akkasumas deessisuudhanillee yeroon itti gargaaran jira.

Kanamaleesn haadholiin, dubartootni harma hoosisan yookan amaatiiwwan dubartoonni dahan daa’ima BIQILTUU reefu dhalate akkamitti akka harma hoosisan gorsaa fi gargaarsallee isaaniif kan taasisani dha.

Maatiiwwan tokko tokko daa’imman isaanii BIQILTUU reefu dhalataniif aannan harmaa kennuun dura, dhadhaa arraabsisu yoon bishaan shukkaaraan kennuuf. Maatiiwwan tokko tokko immoo aannan harmaa inni jalqaba bahu (silgi) xuriidha yookan summiidha jedhanii yaadu. Kanaaf, aannan kun kan gatamu malee, daa’imaaf kan kennamu miti jedhanii amanu.

Silgi nyaata gabbisaa (nutreentiin) badhaadhee fi maatiin tokko daa’ima haaraa dhalateef kennaa jaalalaa fi filatamaa jalqaba daa’ima isaaniif dhiyeessuu danda’ani dha.

Gaafii: Filiipchaartii irraa maaltu isinitti mul’ata

Deebii: Uffata, Kophee, Kibritii, Ashaboo, Bookaa, Qarsii, Buna

Gulantaa 6: Tapha Argannaa fi BitannaaTapha Argannaa fi Bitannaa (Fayyadama maallaqaafi karoora bajataa): Tapha kana taphachuuf hirmaattota gareelee xixxiqqaa 3 itti qoodaa. Tokkoon tokkoon garee wantoota taphicha taphachuuf oolan argachuu qaba (afata 1 fi kaardota maallaqaa 56 boorsaa xiqqaadhaan jiru) qabaatu.

1. Tapha Argannaafi Bitannaa kana taphachuudhaaf, qajeelchitoonni afata lafa afaa.

2. Meeshaalee manaa, nyaatawwan ABBAA URJII, meeshaaleen/oomishaaleen qonnaa afata karaa alaatiin tarreeffaman wantoota maatiiwwan BITANI dha.

3. Afata karaa keessaatin geengoon immoo maatiiwwan omishaalee qonnaa bakka itti GURGURATANI dha.

4. Kaardonni maallaqas lafa gabaa kana keessa kaa’amanii jiru.

5. Taphicha taphachuudhaaf, taphataan hundi omishaalee maallaqa argamsiisan gabaatti GURGUREE maallaqa argachuu qaba.

6. Taphattoonni maallaqa ARGATANIIN, wantoota afata karaa alaatin tarreeffaman keessa kan barbaaddan BITACHUUf bilisa dha.

7. Taphataan jalqabaa dabaree isaa taphatee erga xumureen booda, kaardota maallaqaa hunda taphataa itti aanuuf afata kaa’aa.

8. Taphataan hundi maallaqa isaanii waan barbaadan bitachuuf fayyadamuu danda’u.

9. Namoonni biroo immoo wayita kana taa’anii filannoowwan isaanii daawwatu.

10. Miseensonni gareelee nyaatawwan akkamii Mootiiwwan Kanniisaa, Kichuuwwanii fi Abaaboowwan isaanii nyaachisuuf nyaata gosa kam bituu akka barbaadan akka mari’atan gaafadhaa.

11. Gareeleerra naanna’iiti tapahattoonni maallaqa argataniin meeshaalee manaa kam akka bitan ilaali.

12. Nyaatawwaniifi meeshaalaa manaa maatiwwan dura aansuun barbaachisaa ta’erratti mari’achaa garee waliin bashannanaa.

13. Gareeleen hundi sirna nyaataa Mootiiwwan Kanniisaa, daa’imman Kichuuwwaniifi Abaaboowwan isaanii fooyyeessuuf, maallaqa argatan akkamitti baasuun akka irra ture itti agarsiisaa.

14. Miseensonni gareelee waan bitachuu danda’ani fi waan gabaatti gurguratan akkamitti akka karoorfatan yaaduu akka qaban jajjabeessaa.

Daa’immaniifi miseensonni maatiiwwan isaanii yeroo bobbaa tuttuqan, jarmoonni bobbaa sana keessa jiran gara afaaniifi ijaatti faca’anii dhukkuba fidu jechuu dha.

IBSAAFII: “Namoonni bobbaan daa’immanii miidhaa hinqabu jedhanii waan yaadaniif, osoo hingatin turuu danda’u. Haata’u malee, bobbaan daa’immanii akkuma bobbaa daa’imman jabaataniifi bobbaa nama guddaa dafee gatamuu/awwaalamuu akka qabu hubanneerrra.”

“Daa’imman BIQILTUU fi maatiiwwan keenya jarmootaafi dhukkuboota jalaa baraaruudhaaf, bobbaa mana fincaanii keessa buusuu yookan boolla qonnee awwaaluu qabna. Boolli itti awwaalamu kunis manarraa, iddoo omisha kuduraafi muduraarraa yookan madda bishaaniirraa fagaachuu qaba.”

ITTI FUFI: “Bobbaa daa’imman BIQILTUU ofeeggannoon qabnee erga awwaalleen booda, wanti gochuu qabnu:

Daa’imman BIQILTUUN erga bobbaa taa’anii/alba’anii booda, teessoo/hudduu fi harka isaanii bishaanii fi saamunaadhaan sirrriitti dhiquu;

Harka keenyas saamunaa fi bishaaniin dhiqachuu.

“Daa’imni baatamaa yoo hinjiraanne iddoo isa/ishee keenyullee ofeeggannoo gochuu qabna. Daa’imman BIQILTUUN huccuu yookan afata qulqulluurra kaa’amuu qabu. Kanamalees, kosiiwwan beeyiladaafi titiisota jarmoota bobbaa baatan isaanirraa eeguu qabna.”

Gulantaa 8: Harka dhiqannaa fi bobbaatii daa’immanii dhabamsiisuu/awwaaluu ilaalchisee rakkoolee baratamanii fi furmaata isaanii

Qabxiilee kanneen armaan gadii haala hirmaachisaa ta’een irratti mari’adhaa

Maatiiwwan tokko tokko mana fincaanii hin qaban

Saamunaan hin jiraatu yookan maatiiwwan gatiin saamunaa mi’aa/qaaliidha jedhanii amanu

Bishaan qophaa’ee hin argamu yookan darbee darbee fayyadamuu qabna jedhanii amanu

Furmaata isaanii Mana fincaanii qotachuu

Iddoo harka dhiqannaa bishaan qusatu mana fincaanii cinaatti tolfachuu fi itti fayyadamuu

Yeroolee baay’ee barbaachisoo ta’anitti dhiqachuu dhaaf saamunaa fi bishaan joogii dhaan bakka mijataa kaa’aa

Boolla bobbaan daa’immanii itti gatamu mana, oddoo fuduraa fi muduraa fi madda bishaaniirraa fageessanii qotuu.

Bobbaan foolii akka hin godhannee fi Titiisonni irra hin qubanneef daaraa irraan naquu.

Haala gaariin qulqullina eeguudhaaf saamunaan mana jiraachuu isaa mirkaneessaa

Saamunaan yoo hin jiraanne bakka saamunaa, daaraa qulqulluu yookan Andoodee fayyadamaa

Galii maatiin argatu keessaa muraasa saamunaa harkaa dhiqachuuf, teessoo/hudduu dhiqquufi huccuu daa’immanii miiccuuf ta’u bituuf oolu abbaa warraa/haadha warraa keessan waliin mari’adhaa

Akkas Jedhaa: “Hundi keessan ulfaadhaa! Maatiiwwan keenya karaa fayyaa fi jabeenya daa’imman BIQILTUU eeguu danda’an adda baasneerra. Isaanis bobbaa erga tuqneen booda, harka keenyaa fi kan daa’imman keenya bishaanii fi saamunaadhaan dhiquudhaan daa’imman BIQILTUU jarmoota jalaa baraaruu, akkasumas bobbaa of eeggannoo dhaan boollatti gatuudha.”

Gulantaa 7: Muuxannoowwan Gaggaarii Eegumsa Fayyaa Maatiiwwan BIQILTUUF Barbaachisanirratti Mari’achuu

Gaaffii: Filiipchaartii irraa maaltu isinitti mul’ata

Deebii: Namoota lama kan harkii isaani keello ta’ee , sadarkaalee harkaa dhiqannaa

Akkas jedhaa: Miseensonni maatii hunduu qulqullina daa’imman BIQILTUU fi iddoo itti taphatanii fi rafan eeguu gumaacha ol aanaa qabu. ”

1. “Namoonni hedduun bobbaan/albaatiin daa’imman BIQILTUU miidhaa hin fidu jedhanii maaliif amanu? Kuni maaliif ta’e?”

2. Qabxiilee kunneen mariirratti yoo hin ka’in dabalaa:

Namoonni tokko tokko daa’imman BIQILTUU aannan harmaa qofa waan dhuganiif bobbaan isaanii miidhaa hinqabu jedhanii yaadu

Namoonni tokko tokko bobbaan daa’imman BIQILTUU foolii gadhee waan hinqabneef miidhaa hinqabu jedhanii yaadu

IBSAAFII: “daa’imman BIQILTUU keenya kan homaa hinbeekne, harma qofa kan hodhan, bobbaan isaanii foolii gadhee kan hinqabne ta’ullee, bobbaan isaanii miidhaa kan hinfidne miti. Sababiin isaas, waan fedhes ta’u bobbaan kun jarmii yoo liqimsame daa’imaafi namoota biroo miidhuu danda’an ofkeessaa qabu.”

IBSAAFII: “Wanti kun akka isin ajaa’ibsiisuufi namoota biroofillee oduu haaraa ta’u nan beeka. Ta’us mee jarmoonni akkamitti akka tamsa’an taphaan haa agarsiisnu.”

Tapha Tatamsa’ina Jarmii Taphachuu

Tapha kana qajeelchuudhaaf daakuu Irdii isin barbaachisa: Namoonni lama fedhiidhaan ka’anii akka dhaabbatan GAAFADHU. Daakuu Irdii xiqqoo harka mirgaa

namoota fedhiin ka’aniitti facaasi.

Daakuun Irdii kun harka mirgaa isaanii walgahuu isaa mirkaneessi. Sana booda, namoonni lamaan sun miseensota garee biro akka harka qaban gaafadhu: Namni tokko miseensota garee gartokkee harka mirkaa qaba. Namichi lammataa immoo, miseensota garee kan hafan harka mirgaa qaba. Namni hundi harka fuudhamee erga walgaheen booda, namoonni hundi harka mirgaa isaanii akka ilaalan gaafadhu.

Akkas jedhaa: “Amma namoonni hundi namoota fedhiin ka’an lamaan harka fuudhaniiru. Harka keessan mirgaa ilaalaa. Mee waan isinitti mul’atu natti himaa.”

Daakuun Irdii harka keenyarratti argine jechuu isaanii mirkaneeffadhaa. Sana booda, wantoota itti aanan kanneen ibsaafii:

Jarmoonni wantoota ijaan hinmul’anneefi dhukkuba fidaniidha. Ijaan isaan argguu hindandeenyu; garuu bobbaa daa’imman reefu dhalatanii, bobbaa daa’imman jabataniifi kan nama guddaa akkasumas kosii beeyiladootaa keessa guutaniiru.

Bobbaa yoo tuqne harki keenya jarmoota kanaan faalama. Yoo harka namaa qabne immoo jarmoota kana akkuma daakuu Irdii kana harka tokkorraa gara harka biraatti dabarsina. Daakuu Irdii kana ijaan arguu kan dandeenye keelloo waan ta’eefi. Jarmoota garuu ija keenyaan arguu hindandeenyu.

Harki keenyas fuula keenya tuquu, ija keenya rirriitu yookan yeroo nyaannu hidhii fi afaan keenya tuqu.

Daa’imman keessumaa harka isaaniin afaan isaanii dabalatee waan baay’ee tuttuqu.

Gulantaa 10: Meeshaalee fi Hojiilee gara manatti fudhatanii galan 1. Qajeelfa akkaataa jalqabbii hoosisa harmaa sirrii ta’e

2. Qajeelfama akkaataa kunuunsa saawwanii fi qulqullina aannan loonii

3. Qajeelfamoota armaan olii sadarkaa sadarkaadhaan hirmaattotaaf dubbisaa

4. Kaardii muuxannoo nama dhuunfaa: Mootii kaannisaa koo nan jaalladha; Hojii mana keessaas nan gargaara

jedhu dubbisuun yaadachiisaa

Gaafadhaa: Marii Hawaasa Gabbataa itti aanutti wantoota kanneen abbaa warraa yookaan haadha warraa, haadha yookaan amaatii yeroo waliin mari’attan haala manaa ture gabaasuudhaaf fedhiin akka harka baasan.

Kanneen armaan olitti caqasaman tokkoon tokkoo gaaffiif namootni meeqa akka harka kaasan lakkaa’uudhaan baay’ina isaa yaadannoo kee irratti barreessi.

Gulantaa 11: CufiinsaWalgahiin Itti aanu yoom akka ta’e nama hundaa yaadachiisi.

“Hirmaannaa ho’aa taasisaniif hunda isaanii galateeffadhu!”

Gulantaa 9: Sirna nyaataa Haadholee Daa’imman BIQILTUU harma hoosisanii irratti mari’achuu

Gaaffii: Filiipchaartii irraa maaltu isinitti mul’ata

Deebii: Haadha harma hoosiftu; dubartii sa’aa elmitu; Abbaa warraa jaarikaanii baatu

Gaaffilee armaan gadii haala hirmaachisaa ta’een irratti mari’adhaa

Gaafadhaa: haadholiin reefu dahan erga dahanii booda jabinni isaanii deebi’ee akka bayyanataniif wantoonni maatiiwwan raawwachaa jiran maali?”

Namoonni gara garaa wantoota maatiiwwan isaanii haadha reefu deesseef(araasiidhaaf) gochaa jiran akka himan gaafadhu. Fakkeenyi tokko tokko kanneen itti aanan kana ta’uu danda’u:

Abbootii warraa, haadholiin yookan amaatiiwwan isaanii hojii manaa irraa fuudhanii akka boqatan gargaaru

Abbootiin warraa re’ee, hoolaa yookan lukkuu qalanii akka isheen bayyanatuufi jabaattu foon nyaachisu

Haati dubartii deesse yookan amaatiin ishee dhugaatii addaa naqanii, marqaa marqanii, mooqa/bulluqa yookan nyaata biraa hojjetanii akka isaan jabaataniifi miidhaganii ka’an taasisu

Akkas jedhaa: Mootiiwwan Kanniisaa erga dahaniin boodas lubbuu lamaaf jedhanii nyaachuu itti fufu. Sababiin isaas, bayyanachuu fi daa’imman isaanii harma hoosisuu qabu. Mootiiwwan kanniisaa kun nyaata baay’ee guyyaa guyyaan nyaachuu qabu.

Kanaaf guyyaatti yoo xiqqaate nyaatawwan abbaa urjii -3 tokko (nyaata madda beeyiladootarraa argaman) fi nyaatawwan abbaa urjii lamaa (fuduraalee fi muduraalee) nyaata nyaatan hundarratti argachuu qabu.”

Mootiiwwan Kanniisaa harma hoosisan nyaatawwan ABBAA URJII dabalataa nyaachuu fi boqannaa fi harma hoosisuuf yeroo gahaa isaan barbaachisa.

Abbootiin warraa fi maatiiwwan Mootiiwwan kanniisaa harma hoosisan jirtu ittiin gargaaruu danda’an keessaa:

Yeroo gahaa argattee boqachuufi nyaachuu akkasumas daa’ima ishee harma hoosisuu akka dandeessu, hojiilee manaa ishee gargaaruu

Akka boqattuu fi bilisummaa argattee nyaata baay’inaan akka nyaattu jajjabeessuu

Nyaatawwan ABBAA URJII dabalataa mootiwwan kaannisaa akka nyaataniif horsiisuu yookaan Oomishuu.

Nyaatawwan abbaa urjii mana keessatti kan hin argamne yoo ta’e gabaa dhaa bitanii dhiyeessuufii qabu.

Mootiiwwan Kanniisaa harma hoosisan erga dahanii boodas hanga ji’a sadi guutanitti kiniinii Aayirenii galgala galgala rafuun dura fudhachuu itti fufuu qabu. Kiniiniin Aayirenii haadholeen reefu dahan dafanii akka bayyanatanii fi jabaatan gargaara.