barbaadduu? warshaan daabboo shaggar waxabajjiirraaafaan oromoo, amaariffa, ingilif-faafi arabiffaan...

20
Bara - 43 Lak. 15 Bariisaa Caamsaa 22 Bara 2012 (May 30, 2020) Qar. 2.30 Yaada Mo’ataa Injifannoo Caalmaaf! Gara fuula 2tti Bu’aalee maxxansaa dhaabbata keenyaarratti yaada bilisaa keessan Afaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif- faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir- maadhaa. Teessoowwan keenya; [email protected] lakkoofsa bilbilaa 011-1-264208 fayyadamuu dandeessu. Akkasumas fees buukii Ethiopian Press Agen- cy/Bariisaa, websaayitii www.press. et daaw’adhaa. Dhaabbata Pirseesii Itoophiyaa Gaazexoota keenyarratti barreessuu barbaadduu? Takkaalliny Gabayyootiin Finfinnee: Pirojektiin Warshaa Daabboo Shaggar ijaaramaa jiru sadarkaa xumuraarra waan gaheef Waxabajjii jalqabaarraa kaasee omisha idilee kan eegalu ta’uu Kaampaaniin Horaayizeeshin Pilaanteeshinii beeksise. Warshichi guyyaatti daabboo miliyoona 1.6 ol omishuutiin jiraattota Magaalaa Finfinneef dhiyeessuuf hojjechaa jiruudha. Warshaan Daabboo Shaggar Waxabajjiirraa kaasee daabboo mil.1.6 omishuu jalqaba Waasihun Takileetiin Finfinnee: Warraaqsa dinagdee yeroo ammaa biyyattiin qabattee jirtu dhugoomsuu keessatti xiyyeeffannoon damee qonnaatiif kennamuu qabu isa ijoo ta’uu Biiroon Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa beeksise. Hoogganaan biirichaa, Obbo Dhaabaa Dabalee gaafdeebii kaleessa Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin warraaqsa dinagdee eegalame milkeessuuf damee qonnaatiif xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuufi kunis hayyootaan utubamuun damicha bu’aa qabeessa taasisaa jedhaniiru. Warraaqsi dinagdee kun caalaatti qonnarratti akka bu’uureffatus himanii, omishaafi omishtummaan akka dabaluuf qonni ammayyaa akka babal’atuuf xiyyeeffannaan “Warraaqsi dinagdee qonnaa hayyootaan deeggarame bu’aa buuseera” Gara fuula 15tti Waggaa darbe Itoophiyaatti sagantaa ashaaraa magariisaa guyyaa tokkootiin biqiltuuwwan miliyoona 300 ol dhaabneerra. Bara darbe waliigalaan biqiluuwwan biiliyootni 4 kan dhaabaman yoo ta’u, kanneen keessaa %84 qabachuun mirkanaa’eera. Ganna baranaattis biqiltuuwwan biiliyoona 5 dhaabuudhaaf qophiin xumuramaa jira. Baranas qophii gahaa gochuudhaan bu’aa olaanaa ni galmeessifna! Gaggeessaan hojii Warshaa Daabboo Shaggar Injiinar Sisaay Dabbabaa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif akka ibsanitti, kaayyoo guddaan ijaarsa pirojektii warshichaa hanqina daabboo Magaalaa Finfinneetti mul’achaa jiru gatii madaalawaadhaan dhiyeessuun qaala’ina jireenyaa bu’uurarraa furuudha. Kana milkeessuufis abbaan qabeenyaa Medrook Itoophiyaa (Sheh Mohaammad Allaamuddiin) Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee waliin ta’uun ji’oota jaha keessatti Warshaa Daabboo Shaggar ijaarsisuuf karoorsanii hojii keessa akka galan taasifamuu ibsan. Kaampaanichi hawaasa tajaajiluuf kutannoo olaanaa qabuufi deggarsa (Suurri Hadush Abrahaatiin) - Obbo Dhaabaa Dabalee hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Dameen dinagdee qonnaa kun teknolojiidhaan yoo deeggarame bu’aan callaa akka guddatus eeranii, kanaafis raabsa tiraaktaroota qonnaa kanaan dura raawwatameen ala dabalataan (Suurri Daanyee Abaraatiin) Natsaannat Taaddasaatiin Finfinnee: Mootummaan naannoo Oromiyaafi sektaroonni mootummaa naannichaa rakkoolee gabaasa odiitiitiin dhiyaatanirratti “Waajjiraalee mootummaa 335 odiit ta’an keessaa rakkoo bu’uuraa kan hinqabne %5 hincaalan” -Obbo Amantee Machaaluu Gara fuula 18tti Suurri: Iyyoob Tafarii

Upload: others

Post on 30-Oct-2020

112 views

Category:

Documents


2 download

TRANSCRIPT

Page 1: barbaadduu? Warshaan Daabboo Shaggar WaxabajjiirraaAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et

Bara - 43 Lak. 15 Bariisaa Caamsaa 22 Bara 2012 (May 30, 2020) Qar. 2.30

Yaada Mo’ataa Injifannoo Caalmaaf!

Gara fuula 2tti

Bu’aalee maxxansaa dhaabbata keenyaarratti yaada bilisaa keessan Afaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa.

Teessoowwan keenya; [email protected] bilbilaa

011-1-264208 fayyadamuu dandeessu. Akkasumas fees buukii Ethiopian Press Agen-cy/Bariisaa, websaayitii www.press.et daaw’adhaa.

Dhaabbata Pirseesii Itoophiyaa

Gaazexoota keenyarratti barreessuu

barbaadduu?

Takkaalliny Gabayyootiin

Finfinnee: Pirojektiin Warshaa Daabboo Shaggar ijaaramaa jiru sadarkaa xumuraarra waan gaheef Waxabajjii jalqabaarraa kaasee omisha idilee kan eegalu ta’uu Kaampaaniin Horaayizeeshin Pilaanteeshinii beeksise. Warshichi guyyaatti daabboo miliyoona 1.6 ol omishuutiin jiraattota Magaalaa Finfinneef dhiyeessuuf hojjechaa jiruudha.

Warshaan Daabboo Shaggar Waxabajjiirraa kaasee daabboo mil.1.6 omishuu jalqaba

Waasihun Takileetiin Finfinnee: Warraaqsa dinagdee yeroo ammaa biyyattiin qabattee jirtu dhugoomsuu keessatti xiyyeeffannoon damee qonnaatiif kennamuu qabu isa ijoo ta’uu Biiroon Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa beeksise. Hoogganaan biirichaa, Obbo Dhaabaa Dabalee gaafdeebii kaleessa Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin warraaqsa dinagdee eegalame milkeessuuf damee qonnaatiif xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuufi kunis hayyootaan utubamuun damicha bu’aa qabeessa taasisaa jedhaniiru.Warraaqsi dinagdee kun caalaatti qonnarratti akka bu’uureffatus himanii, omishaafi omishtummaan akka dabaluuf qonni ammayyaa akka babal’atuuf xiyyeeffannaan

“Warraaqsi dinagdee qonnaa hayyootaan deeggarame bu’aa buuseera”

Gara fuula 15tti

Waggaa darbe Itoophiyaatti sagantaa ashaaraa magariisaa guyyaa tokkootiin biqiltuuwwan miliyoona 300 ol dhaabneerra. Bara darbe waliigalaan biqiluuwwan biiliyootni 4 kan dhaabaman yoo ta’u, kanneen keessaa %84 qabachuun mirkanaa’eera. Ganna baranaattis biqiltuuwwan biiliyoona 5 dhaabuudhaaf qophiin xumuramaa jira. Baranas qophii gahaa gochuudhaan bu’aa olaanaa ni galmeessifna!

Gaggeessaan hojii Warshaa Daabboo Shaggar Injiinar Sisaay Dabbabaa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif akka ibsanitti, kaayyoo guddaan ijaarsa pirojektii warshichaa hanqina daabboo Magaalaa Finfinneetti mul’achaa jiru gatii madaalawaadhaan dhiyeessuun qaala’ina jireenyaa bu’uurarraa furuudha.

Kana milkeessuufis abbaan qabeenyaa

Medrook Itoophiyaa (Sheh Mohaammad Allaamuddiin) Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee waliin ta’uun ji’oota jaha keessatti Warshaa Daabboo Shaggar ijaarsisuuf karoorsanii hojii keessa akka galan taasifamuu ibsan.

Kaampaanichi hawaasa tajaajiluuf kutannoo olaanaa qabuufi deggarsa

(Suu

rri H

adus

h A

brah

aatii

n)

- Obbo Dhaabaa Dabalee

hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Dameen dinagdee qonnaa kun teknolojiidhaan yoo deeggarame bu’aan callaa akka guddatus

eeranii, kanaafis raabsa tiraaktaroota qonnaa kanaan dura raawwatameen ala dabalataan

(Suu

rri D

aany

ee A

bara

atiin

)

Natsaannat Taaddasaatiin

Finfinnee: Mootummaan naannoo Oromiyaafi sektaroonni mootummaa naannichaa rakkoolee gabaasa odiitiitiin dhiyaatanirratti

“Waajjiraalee mootummaa 335 odiit ta’an keessaa rakkoo

bu’uuraa kan hinqabne %5 hincaalan”

-Obbo Amantee Machaaluu

Gara fuula 18tti

Suur

ri: Iy

yoob

Taf

arii

Page 2: barbaadduu? Warshaan Daabboo Shaggar WaxabajjiirraaAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et

ODUU BARIISAA BARIISAA SANBATAA Caamsaa 22 Bara 2012 2

Bayyanaa Ibraahimiin

Finfinnee: Gabaa tasgabbeessuufi fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuudhaaf yaadamee dhiheenya magaalaa Finfinneetti kan ijaarame giddugalli gabaa Jamoo, yeroo ammaa omishni waldaalee hojii gamtaa 10n hojii keessa galuunsaanii beekame.

Waldaaleen ammaan tana omishasaanii giddu galichaaf dhiheessaa jiran 10

Giddugala gabaa Jamootti waldaaleen 10 omishasaanii dhiheessaa jiru

ta’anis dhawata dhawataan waldaaleen 30 achirratti hirmaachisuuf hojjatamaa jiraachuu Ejensiin Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa ibseera.

Giddu galootni walfakkaatan kutaalee bulchiinsa magaalaa Finfinnee hundatti kan ijaaraman ta’uu kan himan Daarikterri olaanaan Ejensichaa Obbo Ahmad Sa’id, kanneen keessaa kan lafti giddu galoota shanii harkasaanii ga’uus ni dubbatu.

Charinnat Hundeessaatiin

Finfinnee: Vaayirasiin koronaa yeroo ammaa ummata addunyaa raasaa jiru keessumaa biyyoota lixaa dinagdeedhaan badhaadhaniifi qaroomina teknolojiitiin fagaatan daran miidhuurratti argama. Vaayirasiin kun tibbana ammoo irree tamsa’inasaa gara Afrikaatti naanneffachuun hubaatii guddaa qaqabsiisaa jira.

Biyyoota Awurooppaa vaayirasiin koronaa akka warra kaanii otoo irreesaa cimaa irra hinbuusiin hamma tokko dandamataa jiran keessaa tokko Jarmani.

Gaazexaan Bariisaa maxxansa kanaan Gaazexessaa Margaa Yoonaas kan ammaan tana Akkaadamii Doche Weleetti qindeessaa ta’ee hojjetaa jiru taajjabbiifi muuxannoo biyyattii akka nuu qooduuf dubbisnee yaada ittaanu nuu kenneera.

Vaayirasii koronaa wajjin walqabatee muuxannoon biyyoota adda addaarraa hubannu jira. Keessumaa biyyoonni lixaa baay’een warra dinagdeefi teknolojiidhaan guddataniidha.

Jarmanitti namoota kuma saddeet caalan du’uusaaniitu gabaafame. Kun biyyoota biroo kanneen akka Xaaliyaanii, Faransaayiifi Ispeenfaa wajjin walbira qabamee oggaa ilaalamu daran xiqqaadha. Lubbuun namaa biyyattiitti darbe hanga badaa ta’uu baatus waantin dhaamuu barbaadu Jarman biyya guddate, tajaajila wal’aansaatiin ga’umsa qabduudha.

Ummanni Jarman waraana lammaffaa addunyaa booda bakka hinjirree ka’e. Sababuma kanaan akka dhuunfaa kootti waantin hubadheefi amanu ummanni mootummaa ni dhaggeeffata. Mootummaanis ummata ni dhaggeeffata. Lamaanuu waldhaggeeffatu, aadaa waldhaga’uufi walkabajuus cimaa qabu. Kana rakkootu isaan barsiises. Kanarraa ka’uun waanti guddaan hunda ajaa’ibsiise dhukkuba dafanii to’achuusaaniiti.

Biyyattiin dursiteeti qorannoo gochuurratti xiyyeeffattee hojjetaa turte. Garuu inni guddaaniifi jalqabaa sadarkaan waldhaga’uusaanii daran olaanaa ta’uusaaniiti. Ummanni odeeffannoowwan koree dhimma ittisa vaayirasii koronaatiif hundaa’eefi ministeera fayyaarraa darban

“Ummanni Jarman ejjennoo, ‘yoon miidhame kaanis ni miidhamu’ jedhu qaba”

- Gaazexeessaa Margaa Yoonaasfudhatee sirnaan hojiirra oolche.

Murtiiwwan mootummaarraa darbanis sirnumaan hojiitti hiikamu. Ejjennoon, “Yoon miidhame kaanis ni miidhamu” jedhu ummata biyyattii biraa bal’inaan calaqqisa. Ani dhimma kanarratti namoota adda addaa dubbiseera. Isaan of bira darbanii waa’ee nama biraatiif daran yaadda’u, quuqamu, mararfatu.

Darbees haalli biyyattii akka kan biyya keenyaa miti. Walirraa fageenyi qaamaas haaluma qajeelfama kennameetiin eegamaa ture. Namni qajeelama meetira tokkoofi walakkaa jedhamu hinkabajne yuuroo 250 adabama. Kanaaf ummanni adabbii sana sodaachuurraa kan ka’e ummanni of eeggannaa cimaa gochaa jira. Kana biratti hubannaafi waan hubatan sirnaan hojiirra oolchuunis sirriitti mul’ata.

Namni uumamumasaatiin adabbii hinjaalatu. Adabbiin biyyanatti hojiirra ooles akkuma ummanni sodaatuuf yaadameeti. Kana qofa otoo hintaane poolisiinis namootatti hangas mara garaa hinjabaatu. Gorseetuma gadidhiisa, gorsichi ni fudhatama.

Kanaaf muuxannoowwan akkanaa gara biyya keenyaa fidna jechuun abjuu guyyaa ta’uu mala. Garuu humnasaa waan hinqabneef adabbii akkasiis hinbarbaadnu waan ta’eef ummanni keenya odeeffannoodhuma jiru dhaga’ee vaayirasicharraa of eeguu qaba.

Yeroo ammaa kana odeeffannoon meeshaa guddaa waan ta’eef ummanni kanaaf xiyyeeffannaa kennee hordofuun hojiirra oolchuu qaba. Kun ofis maatiis darbees biyya vaayirasii koronaa biyyoota keessa labee hubaatii guddaa geessisaa jiruuf jalaa baraaruuf daran barbaachisaadha.

Anis kanaan walqaqabsiisee akka ogeessa miidiyaa tokkootti kanin dhaamu ummanni odeeffannoo ogeessonni kennan sirriitti dhaga’uu qaba. Dhaga’ees tokko tokkoon hojiirra oolchuu qaba. Ummanni keenya walitti dhiyeenyaan jiraata. Mana tokko keessa hanga nama kudhaniitu jiraata. Kana addaan baasuun daran cimaa waan ta’eef qajeelfama walirraa fageenya qaamaa jedhamu fudhatanii hojiirra oolchuu barbaachsia. Qulqullina ofiifi naannawa ofii

eeguunis daran nama baraara.

Har’a hunda caalaa waan biyyoota adda addaatti ta’aa jiru odeeffatanii of baraaruun murteessaadha. Qoricha hundas kan caalu odeeffannoodha. Odeeffannoo darbu qalbiidhaan hordofanii sirnaan hojiirra oolchinaan vaayirasicharraa salphumatti of baraaruun ni danda’ama.

Waa’ee dhukkubichaa baruuf namni dhiyootti beeknu miidhamuu hinqabu. Nurra ga’ee arginu malee alaalatti muuxannoo warra kaaniirraa barannee of hineegu jechuun balaa guddaan nurraan gaha. Ergaawwan akeekkachiisaa darban amanuun fudhatanii hojiitti hiikuun xiyyeeffannaa argachuu qaba.

Ilaalchonni dogoggoraa, “Maal fiddii, homaa hinta’u dhukkubni kun kan warra adiifi sooressaati malee keenya miti” jedhanfaan kan of gowwumsuurraa maddaniidha. Ofbira darbanii nama biraa miidhuus waan ta’eef dafee sirrachuu qaba.

Gaazexaan Bariisaa dhimma kanarratti maxxansasaa Ebla 24fi Caamsaa 8 bara 2012tiin Neezarlaanditti Ambaasaaddara Itoophiyaa Zannabaa Kabbadaa, Jarmanitti Ambaasaaddara Itoophiyaa Muluu Salamoon dubbisee dubbistootasaatiif dhiyeessuunsaa ni yaadatama.

Gosootni sanyii midhaan garaa garaa akkasumas kuduraafi mudurri hedduu giddugala Jamootti dhihaachaa kan jiru ta’uusaafi gatiin ittiin dhihaatus madaalawaa ta’uusaa ibsu.

Akka fakkeenyaatti gatiin Paappayyaa daldaloota biratti kiiloogiraamiin tokko qarshii 25 yemmuu ta’u, kan waldaaleen dhihaate garuu qarshii 10 qofatti gurguramaa jiraachuu ibsu.

mootummaan waliin bajata hanga qarshii miiliyoona 100 kan ramade yoo ta’u, hanga ammaatti ijaarsisaa gara qarshii miiliyoona 600 fudhachuu eeran.

Wayita ammaa ijaarsi warshichaa guutummaatti raawwatamuusaa kan himan Injiinar Sisaay, hojiin dhaabinsa maashinoota kanneen akka kuusa midhaanotaa, daakuufi bishaanii xumurameera jedhan.

Roobii darberraa kaasees guyyoota walittaanan jahaaf yaaliin omisha daabboo gaggeeffamaa jiraachuu eeranii, sababa addaan citiinsa tajaajila elektirikiitiin garuu hanga guyyoota kudhanii fudhachuu akka danda’u ibsa. Waxabajjii jalqabaarraa kaasee ammoo gara omisha daabboo idileetti kan seenamu ta’uus dubbataniiru.

Warshichi guyyaatti daabboo miliyoona 1.6 omishee jiraattota magaalaa Finfinneetiif dhiyeessuuf gahumsa kan qabu yoo ta’u, raabsisaa siyaa’ina qabaannaan hanga karoorfamee olitti hojjechuun kan danda’amu ta’uus himaniiru.

Kanaafis omishni qamadii biyya keessaa dhiyaatu gahaa waan hintaaneef alaa (Ruusiyaarraa) qamadii toonii kumni jaatamni akka bitamu ta’eera. Hanga ammaattis qamadiin toonii kuma 15 galchuun danda’ameeras jedhan.

Warshaan daabboo Shaggar omishasaa idilee jalqabnaan hanqinoota dhiyeessii daabboo magaalaa Finfinnee keessatti mudachaa jiran guutummaan guutuutti ni fura jedhamee abdatamaa jedhanii, hojiin raabsasaa garuu eeggannoo guddaadhaan raawwachuu kan gaafatuudha. Kana si’eessuufis Kaampaaniin Horaayizeeshin Pilaanteeshinii konkolaattota 20 qopheessuusaa himaniiru.

Omishni idilee warshichaa jalqabnaan hanqinoota dhiyeessa daabboo magaalittii keessa jiru furuurra darbee lammiilee galii gadaanaa qabaniif wabii jireenyaa kan ta’udhas jedhan.

Humni elektirikii yeroodhaa yerootti kan addaan ciccitu waan ta’eef omisha daabboorratti rakkoo uumuunsaa kan hinoolleedha. Kanaaf ammoo bulchiinsi magaalattii Tajaajila Elektirikii Itoophiyaa waliin ta’uun furuu akka qabu gaafatameera.

Warshichi lafa kaaree meetrii kuma 40 irratti kan ijaarame yoo ta’u, wayita ammaa lammiilee 120 ta’aniif carraa hojii baneera. Akkuma omisha idilee jalqabeen ammoo dabalataan namoota 300 mindeessuuf karoorsuunsaas ibsameera.

Warshaan Daabboo ...Obbo Ahmad Sa’id

Page 3: barbaadduu? Warshaan Daabboo Shaggar WaxabajjiirraaAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et

ODUU GAMAAGAMASII BARIISAA SANBATAA Caamsaa 22 Bara 20123

Mohaammad Al Aruusii

Bayyanaa Ibraahimiin

Finfinnee: Pirojektiin ijaarsa hidha guddaa Abbaayyaa miira nidandeenyaa lammiileesheen eegale tokko jedhee eegalee waggoota 9 fixee 10ffsaa keessa jira.Ijaarsichi deeggarsa lamiileensaan eegalee dhibbantaa 73rra gahe kun jireenya Itoophiyaanotaatti abdii jireenyaa horuu kan gahe ta’us qormaatotaan guutamee keessa darbamaa jira.

Ijaarsi pirojeektichaa maallaqa guddaafi humna biyyattii qormaatu kan gaafatu ta’us, boru gaafa ijaarsisaa xumurame faayidaa achirraa argamuu danda’u tilmaamuudhaan projektii biyyi hiyyeettiin tokko ni hojjatti jedhamee hin yaadamne kun kutannoon itti fufee jira.

Maddi faayinaansii immoo sabbata haawwota hiyyeeyyii irraa kaasee hamma hojjettoota mootummaatti, daldala xixiqqaa irraa kaasee hanga isa humna fooyya’aa qabutti boondii bituufi kennaadhaan hirmaannaa guddaan saffisiifamaa jira.

Dhiheenya kana ejjannoon biyyoota akka Misiriifi Suudan agarsiisaa jiraniin ijaarsa hidhichaarratti dhiibbaa uumuuf yaaliiwwann adda addaa taasifamaa jiru. Dhimma kana ilaalchisuun dheengadda jiraattota magaalaa Finfinnee tokko tokko kan dubbisne yoo ta’u ijaarsichi Itoophiyaanotaaf dhimma jiraachuuf jiraachuu dhabu ti jedhaniiru.

Kuni ta’us dhiibbaan mirga qabeenya uumamaan argatan nama dhorku akka hinjirree fi ijaarsichi milkaahinaan akka xumuramuuf kutannoo cimaan akka jiru jiraattonni kunniin

“Waca biyyoota tokko tokkotiin ijaarsi hidha guddichaa hin gufatu”- Jiraattota Magaalaa Finfinnee

himaniiru.

Ijaarsi pirojektichaa jalqabumas yemmuu eegalamu biyyoota kanneen irraa dhiibbaawwan garaa garaa mudachuu akka dandahan kan beekamu ta’us dhiibbaa geessisuu akka hindandeenye jiraataan magaalaa Finfinnee dargaggoo Zarihun Damisee dubbata.

Akka ibsa Dargaggoo kanaatti tokkummaan ummattoota biyyattii hamma jirutti garuu dhiibbaan biyyoota kanneenii ijaarsa pirojektichaa daqiiqaa tokkoofis dhaabuu hindahau.

Haala amma jiruufi sadarkaa amma irra ga’etti immoo Ijaarsi hidha haaroomsa guddichaa sababa kamiinuu gufachuu hin danda’u kan jedhu dargaggoon kun, dhiibbaa biyyoota kanneenii sodaachuu osoo hin taane, sodaa

isaan achirratti qaban irratti ibsi gahaan isaaniif kennamuu akka qabu dubbata.

Ijaarsa hidha guddichaa irratti maallaqa funaanuu duwwaa osoo hintaane hojiin dippilomaasii cimee ittifufuu akka qabu kan himan immoo, Hospitaala Ras Dastaatti Espeeshaaliistii Gadaameessaa Doktar Garramoo Nagaash yoo ta’an hojii dippilomaasii quubsaa ta’e gama mootummaatiin hojjatamnaan shirri Misiriifi Sudaan hiika dhaba jedhaniiru.

Pirojektii kanaaf irra jireessi hojjataa biyya kanaa boondii kan bitate waan ta’eef hanga xumura hojichaatti deeggarsasaa itti fufuudhaan firii dhumaa wal wajjiin qoodachuuf jecha olola biyyoonni adda addaa dhimmakanarratti hafarsan dura dhaabbachuu akka qabu ibsaniiru.

Paartileen siyaasaas garaa garummaa isaanii dagachuudhaan dhimma kanarratti tokkumaadhaan biyyoota kanneen qolachuu qabus gaafataniiru.

Hidha guddichaaf boondii bituu qofa osoo hin taane, bakka itti ijaaramus deemtee daawwachuushee kan himtu immoo Aadde Gannat Girmaa, ammas taanaan sababa dhibee koronaatiin xiqqoo qabbanaa’us yeroon booda hanga xumuraatti deeggarsa hidhichaaf taasisan kan itti fufan ta’uu himaniiru.

Lammiileenis ijaarsa hidha haaromsichaa miira nidandeenyaan jalqaban kana fiixaan baasuun dhaloota dhufu hiyyuma keessaa baasuuf kutannoo duubatti hindeebineen socho’uu qabus jedhaniiru.

Waasihun Takileetiin

Finfinnee: Yaaliin Misir qabeenya Itoophiyaarratti abbaa ta’uuf taasisaa jirtu qixa sirna gita bitaatiin (koloniitiin) kan ilaalamu ta’uu dura taa’aan paartii Dimokraasummaa Ummata Tigraay, Doktar Aragaawwii Barihee ibsan.

Dura taa’ichi waltajjii marii paartiilee morkattoota dhimma hidhachaarratti galma Ministeera Dhimma Alaatti Kibxata darbe adeemsifamerratti akka ibsanitti, hidha guddichaan walqabatee dhimma walabummaa biyyaarratti duufee dhufaa jiru kana qolachuuf ejjennoon waloo paartiilee murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Ijaarsi hidhichaa hiyyummaa seenaa gochuun Itoophiyaan dinagdeen caaltee akka argamtu karoorfamee hojiitti seenamuus ibsanii, akka agartuu ofiitti kunuunfamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Dhimma kanarratti marii waloo paartiileen morkattootaafi mootummaa taasisan walabummaa biyyaa kabachiisuu keessatti shoora olaanaa akka taphatu ibsanii, dhaabbileen hirmaannaa gochaa hinjirre of ilaaluu qabu jedhaniiru.

Walabummaa biyyaa kabachiisuun jiraachuu lammiileefi biyyaatiif wabiidha ta’uus eeranii, dhaabbileen tokko tokko qooda maricharratti fudhachuu dhabuun dogoggora guddaadha jedhaniiru.

Ijaarsi hidhaa haaromsichaa qabeenya lammiilee, keessumaa haadholiin hiyyeessaa sabbatasaanii itti hiikan ta’uu ibsanii, paartiileenis ashaaraasaanii kana dhaloota dhufuuf dabarsuuf tumsuun dirqama

Ejjennoon Misir hidha haaromsichaa gufachiisuuf qabdu koloniin qixa

Doktar Aragaawwii Barihee

jedhaniiru.

Gaazexeessaan Aljaziiraa Mohaammad Al Aruusiin gamasaatiin osoo ummanni Misir guutummaatti tajaajila ibsaa argachaa jiruu ijaarsa hidhichaa gufachiisuuf yaaliin taasisan walabummaa biyyaa kan hubu ta’uu ibseera.

Kana malees mirga Itoophiyaan qabeenya uumamaashiitti fayyadamuuf yaalii taasisaa jirtu naanneffachuuf yaaluunshii alseerummaa ta’uu ibseera.

Ijaarsi hidha guddichaa hojmaata addunyaan itti ijaarsa gaggeessuun raawwachaa akka

jirullee kan kaase Gaazexeessaan kun, seera mataa ofii baafachuun abbaa itti ta’uuf yaalii Misir gaggeessitu sirrii akka hintaane ibseera.

Ummanni Misir miliyoona 65 ol tajaajila ibsaa sa’aatii 24:00 akka argatu himuun Itoophiyaanonni qabeenya uumamaasaanii kanatti akka hinfayyadamneef yaaluunshii alseerummaa ta’uu hubachiiseera.

Mariin yeroo ammaa paartiilee morkattootaa Itoophiyaafi mootummaa gidduutti taasifamaa jiru ijaarsichi miira tokkummaatiin milkaa’uuf gargaaras jedheera.

Paartiileen morkattootaa Misir siyaasarratti meeshaa waraanaa walitti luqqisanis walabummaa biyyaarratti ejjennoo tokko akka qaban gaazexeessichi kaaseera.

Yeroo ammaattis garaagarumma siyaasaa walii waliisaanii dhiisanii ijaarsa hidha haaromsaa kana gufachiisuuf yaalii gochaa jiru jedhaniiru.

Yaaliinsaanii kun akka fashalatuuf miirri tokkummaan paartiilee morkattootaa Itoophiyaafi mootummaa gidduu jiru cimuu akka qabu kaaseera.

Dargaggoo Zarihun Damisee Doktar Garramoo Nagaash Aadde Gannat Girmaa

Page 4: barbaadduu? Warshaan Daabboo Shaggar WaxabajjiirraaAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 22 Bara 2012 4

Natsaannat Taaddasaatiin

Bariisaan Guraandhala bara 1969 hundaa’e.

Torbanitti al tokko, guyyaa Jimaataa,Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiin

maxxanfamaa ture. Waxabajjii 1,2011 irraa eegalee Sanbata maxxanfamaa jira.

Gulaalaan Charinnat Hundeessaa

Lak.Bilbilaa [email protected]

[email protected]:Kutaa Magaalaa Nifas Silki

Laaftoo, Aanaa 12

Qopheessitootni:Saamraawit GirmaaNatsaannat TaaddasaaTashoomaa QadiidaaTakkaalliny GabayyooBayyanaa IbraahimWaasihuun Takilee

Ethiopian Press Agency

Ijoo Dubbii

Adeemsisaa Hojii Bil. 011-126-42-22Kutaa Beeksisaa:

Bil. 011-156-98-65Raabsa Gaazexaa Bil.011-157-02-70

Faaksii Kutaa Qophii 251-011-1-5698-62

L.S.P [email protected]

Dhaamsa Bariisaa

GumaachitoonniHamiltan Abdulaaziiz Dachaasaa Roorroo Alamaayyoo Hayilee Zarihun Gabree

Vaayirasiin koronaa ykn dhibeen ‘Koviid-19’ addunyaarratti erga mul’atee ji’oota shan ta’eera. Vaayirasichi turtii kana keessatti biyyoota addunyaa mara walga’uun hanga kaleessa waaree boodaatti addunyaarraa namootni 5,950,090 vaayirasichaan kan qabaman yoo ta’u, namootni 362,989 ammoo sababa dhibechaatiin lubbuusaanii dhabaniiru. Itoophiyaatti ammo namootni 968 vaayirasii kanaan kan qabaman yoo ta’u, namootni 8 lubbuusaanii dhabaniiru. Dhibee rakkoo fayyaa addunyaa ta’e kanaaf hanga ammaatti qorichiifi talaallii argame hinjiru. Weerarri vaayirasichaas daran babal’achaa jira. Kun hubannoo dhabuu moo of eeggannaa laafuurraa maddee laata? Vaayirasichi hafuuraafi tuttuqqiidhaan namarraa namatti darba. Maaskii funyaaniifi afaan haguugu fayyadamuu, harka yeroo yeroon saamunaafi bishaaniin dhiqachuu ykn alkoolii (saaniitaayizarii)dhaan sukkuumuu, qaamaan hanga meetira lamaa walirraa fagaachuufi mana keessa turuun maloota vaayirasii koronaa rraa ittiin of eegnu ykn ittiin ofirraa ittisnuudha. Maloota kunneenitti fayyadamuu dhiisuun harkaan vaayirasichaaf of saaxiluudha. Weerara vaayirasii kanaa to’achuufi ittisuuf tokko tokkoon keenya dirqama nurraa eegamu bahachuu qabna. Inni tokko of eeggannoo barbaachisu taasisee inni kaan yoo dhiise vaayirasicha to’achuufi ittisuun hindanda’amu. Kanaafuu vaayirasicha to’achuufi ittisuu keessatti hundi keenya gahee nurraa eegamu bachachuu qabna. Of eeggannaa barbaachisu taasisuu dhiisuun jalqaba kan miidhamu numa waan ta’eef dammaquun barbaachisaadha.Weerara vaayirasichaa to’achuufi ittisuuf qajeelfama mootummaan baaseefi gorsa ogeessota fayyaa sirriitti hojiirra oolchuurratti hanqina guddaatu mul’achaa jira. Wantoota vaayirasicha nurraa ittisuuf gargaaranitti fayyadamuurrattis miirri duraan ture laafaa

“Argi jedheen yaa’ee, dhaga’i jedheen huursee…” akka hintaane

dhufeera. Weerara kana ittisuufi to’achuun kan danda’amu namni hundinuu gahee irraa eegamu yoo ba’ate qofa. Weerara vaayrasichaa babal’isaa kan jiru hubannoo dhabuu utuu hintaane qajeelfamaafi kallattiiwwan mootummaan baaseefi gorsa ogeessota fayyaa sirriitti hojiirra oolchuu dhabuudha. Keessumaa qaamaan walirraa fagaachuufi maaskii funyaaniifi afaan haguugu sirriitti fayyadamuu dhabuun hanqina guddaa magaalotattis ta’e baadiyyaatti mul’achaa jiruudha. Bakki gabaafi tajaajilli geejjibaas akka namootni qaamaan walirraa hinfagaanneef sababa guddaa ta’anii jiru. Adaanaa Xaasawu Godina Arsii, Aanaa Heexosaa, Mana Barumsaa Sadarkaa 2fatti Itayyaatti barataa kutaa 10fati. Akka barataan kun jedhutti, hawaasni baadiyyaas ta’e magaalaa jiraatu haala ittiin vaayirasichi daddarbuufi maloota ittiin of irraa ittisuu ykn irraa of eeggachuu dandeenyurratti hubannoo ykn odeeffannoo gahaa qabu. Maloota ittiin vaayirasicha of irraa ittisnu hojiirra oolchuu irratti garuu hanqina guddaatu mul’ata. Namootni odeeffannoo, “Har’a nama meeqatu vaayirasichaan qabame?” jedhu dhaga’uu ala vaayirasicharraa of eeguurratti of dagannaa guddaan mul’achaa jira. Kun maaliif akka ta’e naaf hingalu jedha.Dargaggoonni hedduunis walitti qabamanii kaartaa taphaafi jimaa qama’aa jiru. Kan isaan waldheessan oggaa odeeffannoo, “Poolisiin dhufaa jira” jedhu dhaga’an qofa. Kan sodaatamuu qabu garuu poolisii soo hintaane vaayirasii koronaati. Ummatni magaalaas ta’e baadiyyaa akkaataa vaayirasicharraa ittiin of eegurratti hubannaa gahaa qabaatus hojiirra oolchuurratti hanqina guddaa agarsiisaa jira jedha barataan kun.

Gaaffii guddaan siyaasaa sirna Hayilasillaasee keessa ture dhimma abbummaa lafaati. Gaaffichi lafti kan qonnaan bulaa ta’uu qaba kan jedhu yoo ta’u, kanas adda durummaan dhageessisaa kan turan barattoota.

Abbootiin lafaammoo dubbii isaaniif hamtuu ta’e kana dhaga’uun naasuu cimaa keessa galanillee qabsoon kallattiilee hundaan finiinaa jiraachuu hubachuun lafa harkasaanii jiru gurgurachuu eegalan, warri sababa isaan gurguraniif quba hinqabne ammoo lafa rakasaan argadhe jedhanii abbaa lafaa ta’uuf bitataa ture.

Kanaanis beekaan lafa qabatee ture qarshiitti jijjiirrachuun maallaqasaa kaawwachaa ture. Wallaalaan guyyaan itti dukkanaa’e ammoo lafa bitaa ture; lafa ajandaa siyaasaa taatee namni “Kan eenyuu haa taatu?” jedhee irratti walfalmu.

Dhumarratti mootummaan Dargii Guraandhala 25 bara 1967 lafa dhaalee kan ummataafi kan mootummaa taasisuu barreeffamni Caamsaa 8 bara 2012 Gaazexaa Bariisaaratti bahe tokko ni ibsa.

‘Waa’ee lafaa maaltu walirraa hafaa’ jedha

weellisaan tokko. Akkasumas warri, ‘lafti lafeedha’ jedhanis jiru. Hunduu sirriidha. Oromoon gaafa lafti irraa fudhatamu waanjoo garbummaa jalatti kufee lafeensaa cabe.

Ajandaan bara 2008 eegalee mootummaafi ummata walitti buusaa ture dhimmuma lafaati. Amma hoo saamichi lafa qonnaan bulaa naannawa Finfinnee dhaabateera moo itti hammaataa deeme? Weerarri lafaa

qonnaan bultootaa karaa seeraan alaa sun seeratti deebi’e moo sirriittuu itti caale? Gaaffiileen kunniin deebii barbaadu.

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaatiin hogganamu lafa qonnaan bulaa karaan seeraan alaa saamame tarkaanfii qabatamaatti seenuun aaga nu dhageessisee, toltuu nutti agarsiiseera.

Kanaanis tarkaanfii qorannoorratti hundaa’ee fufhatameen lafa hektaara 46

bal’atu, kan Kutaa Magaalaa Nifaas Silki Laaftoo, naannawa Jamootti argamu qonnaan bulaaf deebisuunsaa akka agarsiistuu guddaatti eeramuudha.

Lafti bara 1997 irraa eegalee karaa seeraan alaa faayidaa qonnaan bultootaaf kan oolu fakkeeffamuun bifa aksiyoonaatiin qonnaan bultoota harkaa ba’ee harka nama dhuunfaa gale kun qabsoo guddaafi qorannaa jabaa gaggeeffameen abbaasaatiif deebifame. Injiinar Taakkalaan akka jedhaanittis, “Lafti Finfinnee seeraan ala qonnaan butoota harkaa fuudhame sakatta’ameefi qoratamee ni deebi’a”. Injiinarichi qonnaan bultootaaf lafa deebisuu bira darbanii tiraaktara qonnaas kennaniiru. Lafa deebisuunis ta’e tiraaktara kennuun tarkaanfii daran jajamuufi jajjabeeffamuudha.

Finfinneen kanaan booda maqaa misoomaatiinis ta’e sababoota kamiinuu qonnaan bulaa buqqisuu hinqabdu. Ummannis otoo bu’aa yerootiif hinmookfamiin warra afaansaanii dhadhaa dibatanii, afaansaa dubbachuun lafa dhimma lafee taaterraa isa buqqisuuf wixxirfatanitti dammaqee ofirraa faccisuun qe’eesaa eeggachuu qaba.

Lafa dhimma lafee taate haa eeggannu

Naannawa kanatti Wiixataafi Kamisa gabaa guddaan waan jiruuf guyyoota kunneen baajaajiin tokko hanga namoota shaniifi ja’aatti fe’a. Yeroo poolisoonni jiran qofa baajaajiin tokko namoota lama kan fe’u. Haalli jireenya namootaa waan vaayirasichi badeera jedhamee labsame fakkaata. Kanaafuu poolisoonni tarkaanfii barbaachisu fudhachuu akka qabaniifi hawaasni naannawaas of eeggannoo cimaa taasisuu akka qabu gaafata.Weerara vaayirasii koronaa ittisuufi irraa of eeggachuun dirqama tokko tokkoo keenyaati. Kana ta’uu baannaan “Argi jedheen yaa’ee, dhaga’i jedheen huursee, yoon si nyaadhe cubbuu qabaa?” jedhe galaanni jedhama. Of eeggannoo barbaachisu taasisuu baannaan vaayirasiin koronaas akkasuma kanuma galaanni jedhe jechaa jira. Har’a of eeggachuu dhiisuun bor gatii waan nu kaffalchiisuuf dammaquu qabna.

Tikeetii kutachuu moo koranaa qoddachuu?

Page 5: barbaadduu? Warshaan Daabboo Shaggar WaxabajjiirraaAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et

MijuuBARIISAA SANBATAA Caamsaa 22 Bara 2012

fuul

a 8

fuula 6

fuula 17

fuula 12

Waa’ee guddinaafi qulqullina aartii Oromoo

“Hundumtuu waa’ee

addunyaa geeddaruu

malee waa’ee of gedderuu hin

yaadu” - Lewo Tolestoy

“Qorataafi to’ataa saatalaayitii Itoophiyaa jalqabaa ta’uun koo daran na

gammachiisa” - Injinar Diinaa’ol Zalaalam

Onkoloolessa-23, Fulbaana-2fi Caamsaa-20

Page 6: barbaadduu? Warshaan Daabboo Shaggar WaxabajjiirraaAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 22 Bara 2012 6

AADAAFI AARTII

Waasihun Takileetiin

Aartiin ogummaadha, mim’eessituu taphaati, ichima jaalalaati, si’eessituu, qeeqxuu, jajjuu

miidhaginaati. Faarsituu gootaa, qeeqxuu quuqqaafi aarii, qoorsituu madaa onnee habalakaan ergaa dabarsituudha.

Gaddaafi gammachuu ibsuu, xiiqii qabsiisuu keessattis ergaafi haala jiru karaa miidhagaafi hawataa ta’een dabarsuun meeshaa waraanaa du’atti lubbuu hortu, fayyaa ajjeestu, lugna onnachiistuudha.

Saboonniifi sablammiileen Itoophiyaa 80 ol aartii kanaan daran duroomoo ta’anis dhiibbaa sirni gabroomfataa farra federaalizmii irraan gahaa tureen hedduun addunyaarraa dhabamsiifamaniiru.

Itoophiyaa keessatti ijaarsa mootummaa tokkee bara moototaa, fiwudaalizmii hanga Dargiitti tureen guddinni aartii sabootaafi sablammiilee ukkaamamee aadaafi aartiin saba tokkoo olaantummaafi beekamtii akka argatu godhamaa tureera.

Turistoonni yeroo biyya alaarraa gara Itoophiyaa dhufan sirbi aadaa Itoophiyaa ‘Iskistaa’ qofa akka ta’e godhamee agarsiifamaa ture.

Uffanni aadaallee daran hedduu osoo jiruu calaqqee saba tokkoo qofa gadi baasanii agarsiisuun qorqalbii sabootaafi sablammiilee biyyattii 80 ol jaamsuun kan saba tokkoo agarsiistuu Itoophiyaa godhanii ilaaluunis ture, har’as yaaliin akkanaa jira.

Sirna ukkaamsaa aadaa akkasii Rabbi lamuu as hindeebisiinitii ilaalchi doofummaa sun diigamee har’a biiftuun aartii dhokate gadi baasee agarsiisu calaqqiseera. Sabaafi sablammiin Itoophiyaa aartii muuziqaadhaan badhaadheen aariisaa cabsachaa, gaddaafi gammachuu ittiin ibsachaa faaya aartii muuziqaasaa mul’isaa jira.

Waa’een aartii sabootoofi sablammiilee Itoophiyaaf seenaansaa yoo ka’e galaanarraa bishaan fal’aanaan waraabuu waan ta’eef kan Oromoo qofa ilaalla. Aartiin Oromoo siyaasa, dinagdeefi hawaasummaa sabichaa jijjiiruu keessatti shoora guddaa taphateera.

Keessumaa sirna farra sabichaa ta’eef diddaa agarsiisuufi furmaata kaa’uuf alkallattiin (habalakaan) ergaa dabarsaa dargaggoota kakaasaa jijjiirama har’a mul’ate kanaaf karaa saaqaniiru.

Artistoonni Oromoo warraaqsa siyaasaa gaggeeffamu si’eessuun humnaafi utubaa ta’aa kan turan yoo ta’u, aarsaa qaalii lubbuu kan kaffalanis akka jiran seenaatu ragaa baha.

Haata’uutii guddinni aartii Oromoo maalirra jira isa jedhuuf Giddugala Aadaa Oromootti Daarektara Indastirii Aadaafi Aartii Oromoo Obbo Mootummaa Asaffaa kan dubbisne yoo ta’u, isaanis Aartiin Oromoo 1983 dura ukkaamsaa keessa turuu eeran.

Bara eerame dura Afaan Oromoon sirbuu mitiitii dubbachuunuu yakka ta’aa turuu eeranii, wayita sanatti ergaan aartii Oromootiin darbaa ture rasaasa dukkana

Waa’ee guddinaafi qulqullina aartii Oromoo

keessaa dhohu ykn dhuka’uudha jedhu.

Qeeqaafi quuqqaa sabichaa mi’eessanii, si’eessanii, fakkeessanii hawaasa biraan gahuu keessatti dhoksaan hojjetamus salphaatti lammiilee bira qaqqabuun sabboonummaa labsuun danda’amuus ni dubbatu.

Ogummichi akka hinguddanneef ukkaamsaan sirna Abbaa Irreetiin irra gahaa turuu kan yaadachiisan daarektarichi, qabsoo cimaa namoota jaalala aartii qabaniin taasifamaa tureen hojiileen muuziqaafi barreeffamaa babal’achuu ibsan.

Keessumaa aartii barreffamaatiin kanneen akka Onesmos Nasiib, Aster Gannoo, Sheek Bakrii Saphaloofi Luba Dafaa Jamoofaa kanee muraasadha.

Isaan kun qeeqaafi quuqqaa lammiileesaaniif qaban biyya hambaa taa’anii karaa ogbarruu barreeffamaa waraqaarra qubachiisaa hawaasichi akka dammaqu taasisaa turaniiru.

Artistoonni biyyaa sirna ukkaamsaa kana keessa taa’uun hojiilee miiziqaa ciccimoo hojjetan kanneen akka Alii Birraa, Ilfinash Qannoo, Abbitawu Kabbadeefaa adda durummaan eeramu.

Kana malees artistoonni guddina aartii Oromootiif carraaqqii olaanaa taasisaa turan hedduun aarsaa hanga wareegama lubbuu gaafatu kaffalaniiru.

Akka ibsa Obbo Mootummaatti, jaalalli aartii wareegama qaalii kan kaffalchiisuufi jaalalaan kan hojjetamu ta’uusaa aarsaa kanfalamaa agarsiistuudha.

Yeroo ammaatti guddinni aartii Oromoo lakkoofsaan dabaluun haala gaariirra jiraachuus ibsanii, irra jireessaan barnoota ammayyaatiin deeggaramuu dhabuunsaa hanqina qulqullinaa agarsiiseera.

Aartiin dhalootatti darbaa jiru kun aadaa jiru osoo hingadhiisiin, ammayyummaarraas osoo hinfagaatiin qulqullinaan jabaatee akka dhaabatuuf tokkummaan artistoota gidduu jiru fooyya’uu qaba.

Artistoonni waldaadhaan ijaaramanii akka socho’aniif yaalamus kanneen ijaaramanii wajjummaan hojjechaa jiran muraasa ta’uu kaasu.

Akka Obbo Moottummaan jedhanitti Oromiyaan bal’oo ta’uusheetiin walqabatee aartiin sabichaa akka galaanaa gadi fagoo waan ta’eef qofaa keessa lufuun waan dandahamu miti.

Kanaaf gumaacha waldaadhaan ijaaramuun qabdurratti walii galanii kan hojjetaa jiran fiilmiifi tiyaatira, fakkii, waldaa piromoshiniifi komediyaanota qofatu karaa qabatee jira.

Weellistoonniifi shubbistoonni waldaadhaan walitti hidhamanii wajjummaan tarkaanfachuurratti ammallee hudhaa guddaa akka jiru daariktarichi eeranii, kunimmoo guddinni aartii akka hinfooyyofneefi rakkoon qulqullinaa akka heddummaatu taasisaa jiraachuu ibsan.

Hedduunsaanii qindoomina kana keessaa bahanii faffaca’anii hojjetaa akka jiran Obbo Mootummaan himanii, adeemsi akkanaa ammoo muuxannoo akka walhinjijjiirreefi gahumsa hinhoranneef sababa ta’aa jira jedhan.

Artiin Oromoo warraaqsa siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa lammiilee tuttuquun ergaa barbaachisu dabarsaa turuufi har’as akka itti jiru Obbo Mootummaan ibsanii, artistoonni waldaan ijaaramanii gahumsaafi fayyadamummaasaanii akka mirkaneeffataniif sochiin taasifamaa jiru olaanaadha jedhan.

Waldaa tokko keessatti hanga miseensota

1000 ol horachuun akka danda’amullee ibsanii, damee aartii Oromoo kallattii hundaan cimsuuf hojiitti seenamuu ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti artistoonni damee weelluufi shubbisaa keessa jiran hedduun ogummaadhaan waldeeggaranii, waliif bareechuu, beekumsaan walutubuufi miira tokkummaan socho’uurratti hanqinaan kan guutamaniidha. Kun ta’us gama mootummaatiin miira walirraa faffaca’uu kana maqsuun artistoota gahumsa qaban horachuuf tattaaffiin taasifamaa jiru olaanaadha.

Aartii lakkoofsaan baay’atee hanqina qulqullinaa qabu karaa qabsiisuufis akka naannootti manni barumsaa gahumsi aartii itti horatamu ijaaramaa jiraachuu daarektarichi himaniiru.

Akka ibsasaaniitti hojiin aartii kanaan dura beekumsaafi barnootarratti hundaa’ee kennamaa hinturre. Hanqina kana furuufis sochiin gama Biiroo Aadaafi Tuurizmii Oromiyaatiin taasifamaa jiru jajjabeessaadha.

Egaa guddinni aartii Oromoo hudhaa qulqullinaa keessaa akka bahuuf kennaa aartii ganamuma uumamaan namaa kenname barnootaan gabbisaa deemuun murteessaafi isa ijoodha.

Gama kanaan biirichi sagantaalee leenjiiwwan gaggabaaboo qopheessuun ijaarsa dandeettii gara garaa kennaa turuu yaadachiisanii, ammaan booda garuu mana barumsaa ijaaramaa jirutti fayyadamuun bilchinni aartii daran akka dabaluuf hojjetama ni jedhan.

Manni barumsaa aartii Finfinneetti ijaaramaa kun saffisaan xumuramee hojiitti akka seenuuf hordoffiin taasifmaa jiraachuus ibsaniiru.

Aartiiwwan gara garaa hojjetamaa jiraniin takkaan aadaa sana ammayyaatiin dabaalanii miidhagasaa deemuu takkaanimmoo akkuma jirutti dabarsuu keessatti yaanniwwan lamaanuu calaqqisaa jiraachuu Obbo Mootummaan eeranii, hunduu of eeggannoon deeggaramee yoo deeme bu’aa buusa jedhu.

Artistoonni hangafoonni barnoota ammayyaa malee dandeettii uumamaan argatanitti fayyadamuun sirnoota dukkanaa’oo sana keessa aartii sabichaa guddisaafi dagaagsaa turuu ibsaniiru.

Artistoonni har’aas mirga aadaa ofii guddisuu argatanitti fayyadamuun dandeettii uumamaan horatan barnootaan deeggaraa deemuun of ijaaruu qabu kan jedhan Obbo Mootummaan, kanaafis miirri tokkummaa jiraachuun dirqama ta’uu himan.

Hayyoonni damichaas sochii artistoonni taasisaa jiran ilaaluun hanqina mul’atu qeeqaa, cimina jiruuf tumsa gochaa deemuun dirqama lammummaa ta’uu eeraniiru.

Walumaagalatti aartiin rasaasa siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa waan ta’eef dandeettii uumamaan namaa kennameen cinatti barnoota ammayyaatiin deeggaramaa deemuun barbaachisaadha.

Obbo Mootummaa Asaffaa

Page 7: barbaadduu? Warshaan Daabboo Shaggar WaxabajjiirraaAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et

Charinnat Hundeessaatiin

Waldaan Misooma Oromiyaa (WMOn) manneen barnootaa bultii addaa iddoowwan lamaa qaba. Tokko kan Magaalaa Adaamaa, kan lammataa ammoo Magaalaa Bishooftuutti argama. Kan Adaamaa kutaa 11fafi 12fa yoo barsiisu, kan Bishooftuu ammoo 9fafi 10fa barsiisaa. Walumaagala manni barumsichaa iddoowwan lamaanittuu barattoota 600 qaba. Kanneen keessaa harka 40 kan ta’an dubartoota.

Barattoonni kutaa 12fa koorsii ykn poorshinii barumsa hundaa xumaranii osoo keessa deebiirra jiraniiti manni barumsichaa akkuma maneen barumsaa kaanii sababa vaayirasii koronaatiin kan cufame. Barattoonni mana barumsichaa qormaata kutaa 12fa kennamu qabxii olaanaa galmeessisuun akkuma biyyaattuu beekamtii guddaa qabu.

Gaazexaan Bariisaas barana hoo beekamummaansaanii kun sababa vaayirasii koronaan kanaan akkam ta’a, barattoonni gara maatiisaaniitti deebi’an qormaata kutaa 12faf qophii akkamii gochaa jiru, maatiin, barsiisonniifi hoggansi mana barumsichaa sadarkaafi maqaasaanii eeggachuuf maal gochaa jiru kan jedhurratti barataa, daayirekraafi maatii dubbiseera.

Dinqiisaa Jaalataa Mana Barumsaa Bultii Addaa WMOtti barataa kutaa 12fa yoo ta’u, ammaan tana maatiisaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti argaman biratti deebi’ee kitaabotaafi dokumantota biroo qormaataaf isa gargaaran dubbisaa jiraachuu dubbata.

Maatiinsaas isa gargaaraa jiraachuus eeree, keessumaa deggarsa, hordoffiifi gorsa mana barumsaasaafi barsiisotasaatti daran kan booneefi gammade ta’uu ibsa.

Faayidaa mana barumsaa addaa

“Faayidaan mana barumsaa addaa keessumaa yeroo kana naa gale. Yeroo kanatti nuti, barattoonni mana barumsichaa ji’a torba keessatti porshinii xumurree qormaataaf keessa deebiirra turre. Wayita qormaataaf ji’onnni sadii caalan hafanitti porshinii fixuun na ajaa’ibsiiseera. Barumsa xumurree dhiibbaa tokko malee sammuu tasgabbaa’een gara qophii qormaataatti deebi’uu kootti guddaan gammada, boqodhas, mana barumsaafi barsiisota koos guddaan galateeffadha” jedheera.

Waa’ee barattoota manneen barumsaa mootummaa

Mana barumsaa kanatti barachuu koo akka carraa guddaattin ilaala kan jedhu Barataa Dinqiisaan, barattoonni manneen barnootaa mootummaa garuu porshinii waan hinxumurreef qormaatarratti yaada’aa jiraachuu eera.

Ta’us barattoonni kunniin hinbaranne ykn porshinii hinxumurre jedhanii dhiphachuurra hanga danda’ameefiin barattoota yunivarsitiidhaa deebi’anfaa gaafachaafi waanuma ofharkaa qaban dubbisaa ofqopheessuu akka qaban gorseera.

Haalli amma keessa jirru namoota waa dubbisuu barbaadaniif mijataa waan ta’eef kanas akka carraatti fayyadamuun gaariidha kan jedhu barataan kun, innis kanuma gochaa

QARREEFI QEERROOBARIISAA SANBATAA Caamsaa 22 Bara 2012 7

Yeroo koronaa kanatti qophii barattoota Mana Barumsa Bultii Addaa WMO

jiraachuu dubbata.

Barattoota biroo deggaruu

Keessumaa barattoonni mana barumsaa mootummaafi baadiyyaatti argaman maatiisaanii yoo hojii gargaaranillee akeekasaanii gonkumaa dagachuu akka hinqabne gorsee, innis barattootaa kutaa 12fa naannawasaatti argaman wajjin walbira taa’anii qorachuu dadhabanillee maateeriyaalota adda addaa qooduufiin akka of qopheessaniif gargaaraa jiraachuu himeera.

Shaakala qormaataa

Barsiisonnisaanii karaa gareewwan telegiraamii (‘telegram groups’) sadii qabaniin qormaata shaakallii ergaafii hojjechiisaa jiraachuu eeree, isaanis waan hubatan karuma kana walii qoodanii walhubachiisaa jiraachuu dubbata.

Garee Telegiraamii sadarkaa manneen barumsaa ciccimoo iyyaafachuun keessumaa kanneen Finfinneetti argaman wajjinis hariiroo uummachuu kan ibsu barataa Dinqiisaan, maateriyaalota Biiroon Barnoota Oromiyaa karaa telegiraamii fa’iin gadidhiisullee xiyyeeffannaan hordofanii shaakalaa jiraachuu hima.

Kanas yoo ibsu, “Mana jiraannus shaakalliifi qophiin keenya hinhir’anne. Hariiroon nuti, barattoonni mana barumsaafi barsiisota keenya darbees walwalii keenyaaf qabnu daran cimaadha. Qaamaan walbiraa deemne hariiroo keenya cimee ittifufeera” jedha.

Hordoffii barsiisotaa

“Barsiisonni keenya guutummaatti nu hordofaa jiru. Ani carraa kana fayyadamee mana barumsaa koos ta’e barsiisota koo, nuffii tokko malee nu waliin dhama’aa jiran baay’iseen galateeffadha. Barsiisonni keenya karaa garee telegiraamii isa qaamaan nu barsiisan caalaa dhimmamanii gaaffiilee adda addaa qopheessaniifi waan dubbifamu nuu erguun nu wajjin dhama’aa waan jiraniif galata guddaan isaaniif qaba” jechuun ibseera.

Mana barumsaa

Sagantaa baafatee qo’achaa jiraachuu kan eeru barataa Dinqiisaan, manni barumsasaa tokko tokkoo barattootaatiif bilbilee maalirra akka jiran guyyaa guyyaadhaan hordofaa, to’ataafi gorsaa jiraachuu dubbata.

Hanqinoota mul’achaa jiran

“Yeroo kana waantota baay’ee dhaga’aa jirra. ‘Barana qormaanni hinjiru. Qormaanni barana kennamu kan kutaa 12fa keessaa harka 75 qofa’ kan ittidabalamufaa jedhamee odeefamaa jira”.

“Odeeffannoowwan akkanaa fa’iin walqabatee wantoonni sammuu keenya jeeqaniifi burjaajiin uuman danuutu dhaga’amaa jiru. Dhimma kanarratti Ministeerri Barnootaas ta’e Biiroon Barnootaa Oromiyaa odeeffannoo gahaa kennaa hinjiran. Isaan jabaadhaa dubbisaatii qormaataaf qophaa’aa qofa jechaa jiru. Otoo

isaan kana jedhanii odeeffannoowwan biroon maddiidhaan bahanii barattootta burjaajiifi dagannaadhaaf saaxilaa jiru” jedheera.

Waantota odeeffamaa jianirratti qaama dhimmi ilaallatuun ibsi otoo kennamee gaarii ta’uu eeree, keessumaa qormaatichi barumsa kutaa 12fa keessaa harka 75 jedhamee odeeffamu yoo dhugaa ta’e hanga boqonnaa meeqaatti akka ta’e barattootaaf dafee ibsamuu qaba jedha.

Ministeerri Barnootaa guyyaafi haalatti qormaatichi kennamuufi abdachiisu barattootaaf akka ibsuu baratichi gaafatee, kanaa achi callisni karaa Ministeera barnootaatiin mul’atu barattoota burjaajiiwwan adda addaatiif saaxila jiraachuu addeessa.

Karaa miidiyaalee idilee waanti barattoota jajjabeessus ta’e abdachiisu ministeerichaan otoo kennamee jedhee koreen dhimma kanaaf hundaa’e yoo jiraate waan irra gahe waljalaa barattootaaf ibsuu akka qabu irra deebi’ee gaafata.

Keessumaa haalli amma jiru barattoota baadiyyaatti dhiibbaa guddaa waan qabuuf xiyyeeffannaan itti yaadamuu akka qabus eeree, dirqama ta’uu baannaan qormaatichi otoo darbu baatee filannnoosaa ta’uu dubbata.

Akeekasaa fuulduraa

“Gara fuuladuraatti Injiinariingii Roobootii barachuun barbaada. Injiinariingiin roobootii saayinsii waa’ee hawaa qoratuudha. Saayinsichi maalummaa hawaa akka eeroo ispeesiitti kan qoratu waan ta’eef fedhiinkoo kana barachuudha.

Maatii barattootaa keessaa

Obbo Darajjee Baqqalaa abbaa barattuu Beetaliheem Darajjee jedhamtuuti. Beetaliheem barana qormaata kutaa 12fa fudhatti. Jiraataa Magaalaa Sabbataa kan ta’an Obbo Darajjeen, mucaasaanii tana sadarkaa dakaatii kaasanii hordofaa akka jiran eeru.

Waa’ee mana barumsichaa

Manni Barumsaa Bultii Addaa WMO dhuguma mana barumsaa addaati kan jedhan Obbo Darajjeen, manni barumsichaa yeroo barumsaatti sirnaan akka fayyadamu eeran. “Mana barumsichaa biratti yeroon qisaaseffamu hinjiru. Sababuna kanaan yeroo manneen barnootaa sababa

vaayirasii koronaatiin cufamanitti korsii hunda barattootasaa kutaa 12fa barsiisee xumursiisuun gara qophii qormaataatti kan ce’edha” jedhu.

“Barattoonni mana barumsichaa otoo manneen barumsaa sababa vaayirasichaatiin hincufamiin torban lama dursaniit xumuran. Kun bu’aa karooraan durfamuufi yerootti haala fayyadamuuti. Manni barumsichaa barattoonni akka shaakalaniif dokimantoota adda addaa kenneefii torban lamaaf dubbisarra turan. Eddii barattoonni gara maatiitti deebi’aniis hordoffiin mana barumsichaa kan yeroo qaamaan barsiisanii caala. Ogguma barattootasaanii maalirra akka jiran hordofuuf nutti bilbilanillee “Ijoolleen keenya jedhu malee ijoollee keessan” hinjedhan jechuun haala jiru ibsan.

Isaanis

“Nutis akka maatiitti mucaa keenyaaf manuma qabnu keessaa kutaa tokko gadidhiisnee barnootashii akka hordoftu gochaa jirra. Daarektaroonniifi barsiisonnishiis ni gorsu, waan dubbistus ni erguuf” jechuun dubbatu.

Hawwii

“Ani otoo biyyattiin akka mana barumsaa kanaa lamaa sadii qabaattee jedheen hawwa. Manni barumsichaa gama hundaan mana barumsaa muuxannoo guddaa ta’uu danda’u qaba. Haallitti isaan ijoollee abdii boruu ta’an kanneen hordofaa jiran addaafi kan nama inaafsisuudha. Maatiin waa’ee dhalasaa hordofuun dirqama. Anis akka maatiitti mana barumsichaatti argamee waan jiru dhiyeenyaanin hordofa. Ta’us hordoffiin mana barumsichaa kan maatii caala” jedhan.

Manneen barnootaafi barsiisonni hundi otoo haala kanaan hordofanii waa’een ququllina barnootaa hinka’u ture kan jedhan Obbo Darajjeen, dhaloonnis iddoo hinmalleefitti hinhafu ture jechuun dubbatu. “Anis hoggansuma sektara barnootaa keessan jiraa kutannoon barsiisotaafi hoggansa mana barumsichaa daran na ajaa’iba” jedhan.

Naamusa barattootaa

“Ani dhimma kanarratti oggaan gara mana barumsichaa dhaqu ittin hima. Barattoonni kunniin gama naamusaatiinis abdii biyya kanaati jedheen amana. Gochoota badoorraa fagoodha. Amalli isaan mana keessatti obbolootasaanii kaan itti gargaaraa jiranirraa hubachuun ni danda’ama. Haalli isaan waan jedhame hojiirra oolchaniin adda.

Kanaaf kunuunsa isaan biqiltuu bara darbe dhaabaniif taasisaa turaniif fakkeenya gaariidha. Barumsi nama jijjiiruu akka danda’u amala ijoolleen kunniin iddoowwan hundatti agarsiisanirraa hubachuun ni danda’ama. Ijoolleen kunniin mana barumsichaatii qalama qofa otoo hintaane naamusas ni baratu jechuudha.a”

Kanaafis hawaasa mana barumsichaa mara maqaa koofi maatii barattootaatiin guddaa galateeffachuun barbaada. Bara dhuftutti vaayirasiin kun badee maatii dhamaatii mana barumsichaafi barattootaa argu nu haa taasisun jedha.

Gaafdeebii Daayirekra Mana Barumsaa Bultii Addaa WMO, Doktar Hirphasaa Caalaa wajjin dhimma kanarratti taasisne ammoo torban qabannee dhiyaanna.

Dinqiisaa Jaalataa

Page 8: barbaadduu? Warshaan Daabboo Shaggar WaxabajjiirraaAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 22 Bara 2012 8

KEESSUMMAA BARIISAA

Charinnat Hundeessaatiin

Injinar Diinaa’ol Zalaalam Gaaddisaa Giddugala Qo’annoo Hawaafi Inistiitiyutii Teknolojii Itoophiyaatti

injiinara qorataafi to’ataa saatalaayitiiti. Saatalaayitii Itoophiyaan Mudde darbe furguggeessitetti to’ataa jalqabaa ta’ee tajaajilaa jira. Injinar Diinaa’ol damee saayinsii hawaatiin biyyasaa tajaajiluuf of kennee kutattummaan hojjetaa jira. Gaazexaan Bariisaa dargaggoo mul’ata cimaa qabu kana keessumaa taasifateeraa, dubbisa gaarii.

Bariisaa: Diinaa’ol yoom, eessatti dhalate, guddate? Eessa eessattis baratte?

Diinaa’ol: Kanin dhaladhe bara 1984tti yoo ta’u, kanin guddadhe Godina Shawaa Lixaa, magaalaa Aanaa Calliyaa, Geedootti. Kanin baradhe (1fa hanga 8fa) Mana Barumsaa Jaarsoo Dirree Gadaatti. Sadarkaa Lammaffaa ammoo Mana Barumsaa Olaanaafi Qophaa’inaa Geedoottin hordofe.

Ani umriin waggaa jahattin mana barumsaa seenee kutaa 1fa eegale. Kan nama dinqisiisu baadiyyaa akka magaalaatti barumsi ‘KG’fa jedhamee kennamu hinjiru. Mana barumsaa adeemsa sa’aatii lamaa fudhaturraa deddeebi’een baradhe.

Bariisaa: Dakaa qabdee barumsaan sadarkaa akkamiirra turte? Barumsa olaanaa hoo eessatti baratte?

Diinaa’ol: Daa’ima waggaa jahaa ta’een mana barumsaa seene. Bakka akka magaalota guguddoo keejiinfaa hinjiretti qubee manumatti lakkaa’ee umrii waggaa jahaatti barumsa kutaa 1fa barachuun jalqabe. Jalqaba oggaan mana barumsaa seenu daarektarri Mana Barumsaa Jaarsoo Dirree Gadaa waan abbaa kiyya wajjin walitti siquuf ‘guyyaa barbaade haa dhufu, gaafa hinbarbaadne ammoo haa hafu jedhe’, waanin daran daa’ima ta’eef.

Ani garuu guyyaa tokkoofuu dareerraa hafee hinbeeku. Kanaanis kutaa 1fadhaa kanga 8fatti qabxii gaarii galmeessisaan ture. Achumaanis sadarkaadhumasaa eegee qophaa’ina seene. Barumsa koo sadarkaa olaanaa Yunivarsiitii Saayinsiifi Teknolojii Adaamaatti muummee fiiziksiin qoradhe. Qabxii olaanaa, 4:00 cufees bara 2007 eebbifame.

Bariisaa: Erga eebbifamtee booda eessatti hojii eegalte?

Diinaa’ol: Waanin qabxii olaanaa galmeessisee eebbifameef ijoollee kuma torba wajjin dorgomee darbuun Daandii Qilleensa Itoophiyaatti carraa hojii argadhee otoo ji’a tokkollee hinta’iin giraawundi teknishaanummaadhaan waggoota lamaaf leenjii fudhadhee eeyir kiraafti meeyintenaansiidhaan eebbifamee dafee hojii eegale.

Xiyyaara diriim laayinar (booyingi 787-8-9) irratti ramadameen hojjechaa ture. Fedhiin

“Qorataafi to’ataa saatalaayitii Itoophiyaa jalqabaa ta’uun koo daran na gammachiisa”

- Injinar Diinaa’ol Zalaalam

koo barumsa ittifufuu waan ta’eef hojiin hojjechaa ture daran namatti tolus saayintistii ta’uun barbaada. Daa’imummaadhuma koorraa eegalee oggaan gaafatamaa ture saayintistii ta’uudha jedheen deebisaa ture.

Kana milkeeffachuun kanin danda’u yoon barumsa koo ittifufeedha jedheen bitaa mirga ilaalee, baasee buusee murteesse.

Qarshii gaarii argadhuttis murteessee jiddugala qorannoofi inistiitiyutii teknolojii hawaa dorgomee seene. Eddiin as galee ammas carraawwan garagaraa na qunnamanii maastarsii kiyya Naayiriyaadhaa Injinariingii Kominikeeshinii Saatalaayitiitiin fudhadhe. Sana booda pirojektii jalqabaa saatalaayitii Itoophiyaan Mudde 10 yeroo jalqabaatiif gara hawaatti furguggeessiterratti injiinarummaan jalqabaa hanga dhumaatti irratti hirmaadheera.

Bariisaa:Teknolojiiwwan biroorra maaliif kan hawaa filatte?

Diinaa’ol: Yeroon taa’ee ilaalu akkuman sii kaase ani barataa saayinsiiti. Kutaa 7fa irraa kaasee barnoota fiiziksii baay’een

jaaladha. Akka carraa ta’ee barumsi fiiziksii kutaa 7fa irraa eegalee kennamaa ture. Barsiisaan kiyya yeroo sanaa daran cimaafi maalummaan fiiziksii sirriitti kan hubate waan ta’eef sun sadarkaan har’a irra gaheef bu’uura guddaa naa ta’eera.

Akkan barumsicha jaaladhu kan na taasises barsiisaa koo sana. Haalatti xiyyaarri samii keessa balal’u hinbeeknu. Anis kana baruu waanin barbaadeef keessumaa injinariingii eeroo ispeesii (euro space engineering) kana baruun barbaade.

Bariisaa: Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa akkamiin si fudhate?

Diinaa’ol: Kan si dhibu bara sana dhaabbatichi bakka hojii duwwaa qaburratti hojjettoota mindeessuuf beeksisa yunivarsitoota adda addaarratti maxxanse. Anis kanumaan galmaa’ee dorgome. Calalamnees qormaataaf dhiyaanne.

Qabxiin yunivarsitiidhaa ittiin eebbifametti dabalee calalliifi qormaata kenname ga’umsaan hojjedhee darbe. Namoota kuma torbaa taanee dorgomne. Kanneen keessaa 1500 qofatu afgaaffiif dhiyaanne.

Kanneen keessaa hojiif kan mindeeffamne namoota 400 qofa. Kanneen hunda keessa darbeen egaa hojicha argadheeyyu. Leenjii wajjin gara waggoota lamaa daandii qilleensaa keessa hojjedheera.

Bariisaa: Haala kamiin gara jiddugala hawaa kana seente?

Diinaa’ol: Asirratti waanti namni beekuu

qabu dhala namaa fedhiisaa guuttachuuf maallaqni akka isa barbaachisuudha. Nyaanni, manniifi uffanni ni barbaachisa. Anis haaluma kanaan mindaa gaarii naa kanfalamaa ture dhiisee abjuu koo bira gahuuf ykn boru akkan qarshii argadhu waanin beekuuf isa dhiisee bahee gara barnootaatti qajeele.

Ennaan kana murteessu shakkii tokko maleedha. Abjuu koo bira gahuu kanin danda’u yoon barumsa koo ittifufe qofa ta’uus ittin amane. Kanaaf eessatti barachuu akkan qabus wajjumaanin murteesse. Jiddugalli Qorannoo Hawaa kun akkuma Itoophiyaattuu jiddugala haaraadha.

Anis yoon jiddugala haaraa kana wajjin hojii eegalee carraalee adda addaa argachuun qaba, ashaaraa koos nan kaa’a jedheen kallattummaan as gale. Eddiin as galees carraawwan gara garaas na qunnamaniiru.

Damee kana filachuu koo oggaan taa’ee ilaalu barataa saayinsii waanin ta’eef nan gammada; kutaa torbaffaaraa kaasee barnoota fiiziksii hedduu waanin jaaladhuuf. Jaalalli ani saayinsiif, keessumaa fiiziksiif qabu daran dabalaa dhufee hanga yunivarsitii na wajjin seene.

Keessumaa fiildiin eeroo ispees injinariingi jedhamu jira. Waanti eeroo ispees injinariingi jedhamu kun fiildiiwwan lama of keessatti qabata; fiildiiwwan eeronaatisiifi astironaatis jedhaman. Fiildii waa’ee samii gadiifi samii olii qoratuudha. ‘Air space and outer space’ jedhama. ‘Air space’ kan jedhamu isa xiyyaarri, baalooniifi dirooniin keessa deemuudha.

‘Awutar ispees’ kan jedhamu ammoo saatelaayitoonniifi roketonni garagaraa kan keessa socho’aniidha. Akkasumas pilaanetonni addaddaa keessa deemu. Oggaan daandii qilleensaa keessa hojjedhu fiildii ‘eeroo ispees’ barachuu barbaadaan ture.

Kana gochuuf jiddugala qorannoo hawaa malee bakka biraa yoon deeme hinargadhu. Jiddugalli qorannoo hawaa walumagaaltti kan qoratu waan ta’eef kana qorachuuf as seene. Ergan waajjira kana seenee fiildiin barbaade jechuunis eeroo ispeesis ta’e saatalaayitii barachuuf murtii gaafata. Isa booda Naayijeeriyaatti carraa argadhee

Barsiisaan kiyya yeroo sanaa daran cimaafi maalummaan fiiziksii sirriitti kan hubate waan ta’eef sun sadarkaan har’a irra gaheef bu’uura guddaa naa ta’eera.

Page 9: barbaadduu? Warshaan Daabboo Shaggar WaxabajjiirraaAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 22 Bara 2012 9

Gara fuula 15tti

garasitti qajeele. Achitti kanin barachuuf deeme kominikeeshinii saatalaayitiiti. Asis dorgomeen seene.

Bariisaa: Mee waa’ee jiddugala hawaa kana bal’inaan nuu ibsi?

Diinaa’ol: Seenaadhuma jiddugala hawaarraa yoon eegale gaariidha. Jiddugalichi Itoophiyaatti sochii kan eegale bara 1957. Biyyoota Chaayinaa, Ruusiyaafi Ameerikaattis baruma eerame kanatti. Ta’us sababoota adda addaa kanneen akka siyaasaafi dinagdeetiin duubatti harkifate. Ta’us jiddugaleessichi iddoo har’a jiru qqaqqabeera. Jiddugalicha namoota dhuufnaatu akka waldaatti walitti dhufanii sosaayiti ispees saayinsii uuman. Sana booda bara 2008 mootummaa federaalaatiin beekamtii argatee hundaa’e. Saayinsiifi Teknoloojii Itoophiyaa(Ethiopian science and technology’) jechuudha.

Bariisaa: Jiddugalli kun maal hojjeta?

Diinaa’ol: Jiddugalli kun waantota lama hojjeta. Tokko qorannoo saayinsii hawaati. Kan biraa ammoo teknolojii hawaa guddisuudha. Asumatti dizaaayin godhanii hojiin gara hawaatti ergamu jira. Kanaaf jiddugaloota lama qabna jechuudha. Inni tokko ‘Entoto Observatory Research center’ jedhama. Lammaffaan ammoo ‘astronautics and aeronautics center’ jedhama.

Kanaaf qorannoorrattis ta’e teknolojiirratti waanti hojjennu jira. Fakkeenyaaf, hawaa keessa dhagaafi waanti nama fakkaatu wayii jira jedhama. Saayinsii kana sirriitti beekuun dirqama waan ta’eef softi weeriiwwan garagaraa fayyadamuun haallitti beekuun danda’amu jira. Gareen kana hojjetu jira. Barumsi sadarkaalee adda addaatiin kennamus jira. Hojiin digrii lammaffaafi sadaffaa barsiisuu, qorannoofi teknolojii ni adeemsifama jechuudha. Kun Entoto Research and Observatory jala jira. Walumaagalatti hojii barsiisuufi qorannootu geggeeffama jechuudha.

Bariisaa: Hanga umriisaa waliin bu’aan biyyi keenya damee kanarraa argatte jiraa?

Diinaa’ol: Biyya keenyattis ta’e biyyoota guddatanitti saayinsiin kun kan jalqabame akkuman irranatti eere bara 1957. Garuu sababoota dinagdee, hawaasummaafi siyaasaatiin dameen kun daran duubattti harkifatee ture. Fakkeenyaaf damee kana keessatti maqaansaanii bal’inaan kan eeramu Doktar Laggasaa Wataroofaa daran ifaajaa turan. Hayyoonni waanirraa eegamu hunda raawwatanis gargaarsa hinarganne.

Hayyoonni maalummaa ispeesii kana bal’inaan hawaasa hubachiisaa turan. Garuu sababoota irranatti eerreefi kanneen birootiin gahaa hinturre. Biyyoota teknolijicha wajjin eegalte faana arreeduu hindandeenye. Waggoota muraasa as garuu damichi sadarkaa gaariirra jira.

Ani qorataafi to’ataa jalqabaa saatelaayitii Itoophiyaati. Hojiin kun daran nama boonsuudha. Ani ummata Oromoo bakka bu’ee pirojektii jalqabaa, guddaa akkanaa keessatti hirmaachuun koo daran na gammachiisa. Sadarkaan biyyi keenya gama kanaan ammaan tana irra geesse biyyoota Afrikaa birooyyuu kan boonsuudha.

Carraa akkanaa argatanii irratti hirmaachuun baay’ee namatti tola. Abdiis namatti uuma. Keessumaa ijoolleen duubaan dhufanitti abdii uumuu keessatti shoora olaanaa

qabaata. Kanaaf ittigammadeen jaalalaan hojjetaa jira. Kanaa ol hojjechuufis tattaafachaan jira.

Bariisaa: Qorannoo ijoon kee maalirratti kan xiyyeeffate ture?

Injinar Diinaa’ol: Qorannoon koo digrii lammaffaa kominikeeshinii saatelaayiiirratti kan xiyyeeffateedha. Akaakuuwwan saatelaayitii danuutu jiru. Akka bu’uuraatti garuu afurtu jiru. Tokkoffaan saatalaayitii dachee daaw’attu (earth observation satellite) fakkeenyaaf kan Itoophiyaa jechuudha.

Lammaffaan kominikeeshinii saatelaayitiiti. Kun ammoo qunnamtiidhaaf kan ooltuudha. Fakkeenyaaf otoo saatalaayitiin hinjiru ta’ee tamsaasiwwan birodikaastiingii (televizhiniifaa) hinjiru ture.

Bilbila fayyadamuun hindanda’amu. Konfaransii viidiyoo iskaayippiidhaan geggeessuun hinyaadamu. Intarneetii fayyadamuun hinjiru. Kanaaf faayidaan kominikeeshinii saatalaayitii daran olaanaadha.

Haalli ijaarsasaa walxaxaadha, maallaqa guddaafi yeroo dheeraas kan gaafatuudha. Teknolojiin kun kan dachee daaw’aturraa adda addummaa guddaa qaba.

Sadaffaan ‘gilobaal naavigeeshin saatelaayit’ jedhama. Saatelaayitiin kun ati amma yeroo kanatti eessatti akka argamtu kan sitti himuudha. Kanaan ‘JPS’ jechuu dandeenya. Saatalaayitoonni qorannoodhaaf oolanis jiru. Hawaan nurraa daran fagaattee argamti. Meetira miliyoonota meeqa

fagaattee akka argamtu beekuuf kan ergamu saatalaayitii qorannooti.

Ani kanneen keessaa saatalaayiti kominikeeshiniiti kanin ijoo (meejar) godhadhe. Qorannoo kootiinis saatalaayitiin hawaa keessa jirti, nuti ammoo lafa jirra. Lamaan keenya walqunnamuus qabna. Saatalaayitiifi namni walqunnamuu qaba jechuudha. Oggaa walqunnamnu kana meeshaa ‘siginaal’ jedhamutu jira. Meeshaan kun ergaa saatalaayitiirraa gadi dhufu namarraa gara saatalaayitii kan deemuudha. Kun bifa siginaaliitiin deema. Yeroo kanatti waantonni danqaa itti ta’an jiru.

Fakkeenyaaf gaazotni atimosparii, naayitirojinii jiru. Walumaagalatti waantonni hariiroo singinaalii kana laaffisan jiru. Akkamitti kana fooyyessuu dandeenya, raaguu dandeenya, guddisuu dandeenya, kan jedhurrattin hojjedhe. Dhumarrattis “Afraan Riijinaal Seentar Foor Ispees Saayinsii endi Edukeeshin In Ingilish’ (Naayijeeriyaa) jedhamurraa qabxii gaarii “A” itti argadhee eebbifame.

Bariisaa: Mee waa’ee maalummaadhuma saatalaayitii nutti himi?

Diinaa’ol: Maalummaa saatalaayitiirratti namoonni baay’een hubannoo gahaa hinqaban. Keessumaa hubannoon teknolojiin kun ardii Afrikaatti qabu daran gadaanaadha. Teknolojii kana gara hawaatti erguun maallaqa guddaa gaafata. Otoo faayidaashii hinbeekiin dura qarshii hangana baaya’tu baaftee maaliif saatalaayitii ol ergita?

Meeshichi kan qananii (leegzharii) waan ta’eef maaliif maallaqa hanganaa baasanii erguu barbaachise jedhanii dubbatan jiru. Kunis hubannoo dhabuurraa kan maddeedha. Garuu waan hinbeekneef malee otoo faayidaasaa beekanii akkana hinjedhan. Oggaa hiika saatalaayitii kaafnu waanti ykn objektiin tokko objektii biraarra naanna’uu jechuudha. Kun hiika salphaadha.

Hiika kanarraa ka’uun saatalaayitii bakkawwan lamatti qooduun ni danda’ama; saatelaayitii uumamaafi namtolchee jennee. Saatalaayitii uumamaa kan jedhamu, fakkeenyaaf, dachee yoo fudhanne. Dacheen saatalaayitii uumamaati. Sababiinsaas waan biiftuutti naannoftuufi. Pilaanetota hunda yoo fudhanne hundisaanii biiftuurra naanna’u. pilaanetonni kunniin waan biiftuurra naanna’aniif saatalaayitii jedhamu. Garuu ramaddiinsaanii saatalaayitii uumamaati.

Saatalaayitii namtolcheen ammoo fakkeenyaaf saatalaayitii dachee daaw’atu (earth observation satellite) Itoophiyaan Mudde darbe gara hawaatti furguggeessite fudhachuun ni danda’ama. Saatalaayitiin tun kominikeeshiniidhaaf oolti. Gilobaal naavigeeshin saatelaayit, argamsa ykn lookeshinii waan tokkoo kan namatti agarsiistu, kan qorannoof oolufaa jennee qoqqoduu dandeenya.

Bariisaa: Saatalaayitiin yeroo darbe furguggeefamte maal nuu fiddi ree?

Diinaa’ol: Saatalaayitiin jalqabaa Itoopiyaan Mudde 10 bara 2012 furguggeessite saatalaayitii dachee daaw’attu (etrss-1 /Ethiopian remote sensing satellite) jedhamti. Maqumashiirraa oggaa kaanu riimoot seensiingi jechuun otoo walhintuqiin seensi gochuu jechuudha.

Saatelaayitiin kun fageenya hanga kiiloo meetira 700 irratti argamti. Garuu dhuftee dachee Itoophiyaa xuquu baattus seensi gooti, waan seensari qabduuf. Seensariinshii kaameeraadha. Oggaa fuula Itoophiyaa duraa dabartu suura kaafatti.

Faayidaan ishiin nuu fiddee dhuftu akkuma maqaashiirraa hubannu waan dachee Itoophiyaa daaw’aterraa odeeffannoo argatte nuu ergiti. Fakkeenyaaf gama qonnaatiin yoo fudhanne lafa akkanaa gogiinsi guddaan waan jiruuf jallisii ykn kana godhaa jettee odeeffannoo dabarsiti.

Akkasumas bokkaa cimaa roobe lolaansaa otoo ummata bira gahee balaa hinqaqqabsiisiin suura kaastee ergiti. Tarkaanfiin hatattamaa akka fudhatamu ergaa dabarsiti. Oyiruun midhaaniif hinmijanne yoo jiraates dhimma kanarratti odeeffannoo ni kenniti.

Kana malees albuudni eessatti akka argamus ni eerti. Dur albuuda qotanii baasuun maallaqaafi humna namaa guddaa gaafata ture. Saatelaayitiin garuu salphaadhumatti bakka inni jiru namatti himti. Riisoluushiniin saatelaayitittiin hanga meetira 13.75tti lafa keessa lixxee surraa kaasuu dandeessi.

Kanaan albuudas ta’e waan biraa argachuu dandeessi. Qabeenya bosonaa Itoophiyaan qabdus sirriitti addaan baasanii beekuu keessatti shoorri saatalaayitittii olaanaadha. Oggaa ibiddi bosonarratti qabachuuf jedhu dursitee odeeffannoo dabarsiti. Kunis ibiddichi akkamitti ka’uu akka danda’u, gogiinsi akkamii akka jiru addaan baasuun objektii achii keessa jirurratti odeeffannoo k

Page 10: barbaadduu? Warshaan Daabboo Shaggar WaxabajjiirraaAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 22 Bara 2012 10

DAMAAKASEEDoktar Gurmeessaa Hinkoosaa ogeessa fayyaa yoo ta’an, Koolleejjii Medikaalaa Hospitaala Qiddus Phaawuloosiitti baratan. Wayita ammaa Yuniivarsiitii Arsiitti barsiisaa jiru.

Fuulli kun dhimmoota fayyaa waliigalaarratti xiyyeeffachuun ogeessa damichaatiin torbanitti al tokko kan isinii dhihaatudha. Isinis gaaffii dhimma fayyaarratti yoo qabaattan teessoo keenyaan yoo nuuf ergitan ogeessaan kan

deebii itti kennamu ta’a.

Vaayirasiin koronaa kan duraanii jechuunis kan bara 2003 (SARS)fi kan bara 2012 (MERS), dubartoota ulfaa ykn Dubartoota garaatti baatan addatti kan hubuufi kanneen biroo irraan addatti carraan lubbuu dabarsuusaa olka’aa akka ture ragaaleen yeroo sana turan ni ibsu. Dhibeen koronaa kan ammaa ykn COVID-19 kun garuu ragaa haga ammaa jiruun haadholii ulfaa haala namoota kaan irraa adda ta’een hinhubu. Miidhaan COVID-19 kun isaan irra geessisu, kanneen ulfa hinta’iin walqixa. Dabalataan vaayirasiin kun yeroo ulfaas ta’e yeroo da’umsaa, haadharraa gara daa’imaatti akka darbu kan ibsu ragaan hinjiru. Garuu daa’imman akkuma dhalataniin carraa dhukkubni kun nama biraarraa itti darbuusaa olka’aa waan ta’eef eeggaannoo guddaa taasisuudha. Kanaafuu haala yeroorratti hundaa’uun haadholiin ulfaa maal gochuu qabu kan jedhuuf:• Haadholiin ulfaa, ittisa dhibee kanaaf

jecha of eeggannoo walii galaa kara ogeessota fayyaafi dhaabbilee fayyaa darbaa jiru haalaan hojiirra oolchuu qabu.

• Akkuma duraaniitti hordoffii wayita ulfaa ittifufuu. Haa ta’u garuu guyyaa beellamaa haala yeroorratti hundaa’uun jijjiirraan adda addaa waan taasifamuuf, ogeessa fayyaa waliin addatti mari’achuun guyyaasaa murteeffachuu.

• Yoo da’umsaaf mana yaalaa deemanis ta’e, wayita hordoffiif deeman baay’ina namoota isaan waliin dhaabbata fayyaa deeman hir’isuu.

• Haadholiin harma hoosisan hoo ofeeggannoo addaa maal gochuu qabu?

• Haadholiin daa’ima isaanii harma hoosisan dhukkuba koroonaa kana gara daa’ima isaaniitti haala salphaan dabarsuu waan danda’aniif ofeeggannoo addaa taasisuu qabu. Of eeggannoo isaan taasisuu qaban keessaa:

• Haadholiin mallattoo dhukkuba koroonaa kana qaban daa’imasaanii yoo harma hoosisan, yoo danda’ame haguugduu afaaniin (face mask) afaaniifi funyaansaanii haguuganii hoosisuu qabu.

• Mucaasaanii harma hoosisuun duraafi booda harka saanii saamunaafi bishaaniin sirriitti dhiqachuu qabu.

• Meeshaalee mucaan aannan ittiin ootu addaa addaa, sirriitti dhiqanii fayyadamuu akkasumas gaafa olka’an dhiqanii olkaa’uu.

• Biyya keenyatti namoota koronaan qabaman keessaa gariin bayyanatan yoo jennu, “bayyanatan” jechuun maal jechuudha? Mana yaalaarraa kan gadi lakkifaman yoo maal ta’eedha?

• Ho’iinsi qaamaa (fever) safaramee, guyyoota sadii (3 days) walitti fufiinsaa “normal” (37.5 oC gadi) yoo ta’e.

• Sirni hargansuu (sombi) nama

Vaayirasii koronaa

dhukkubsate sanaa ilaalamee kan duraanii irra yoo itti fooyya’e, gargaarsa meeshaafi oksiijiinii tokko malee yoo qabiyyen oksiijiinii qaama keessaa sirrate (oxygen saturation 93% without oxygen supplement).

• Dhukkuba koronaa vaayirasii kanaaf irra deebi’amee qoratamee, al lama garaagarummaa sa’aatii 24 ol ta’een yoo bilisa ykn negatiivii ta’e.

• Raajiin sombaa (xray) kan duraanii waliin walbira qabamee ilaalamee yoo kan fooyya’e ta’e.

• Yoo kan hospitaala keessa ture ta’e ammoo hospitaala keessaa ba’uuf, gareen ogeessota fayyaa (ogeessa fayyaa tokko qofa osoo hin taane, ogeessota lamaaf isaa ol) yoo dhukkubsataan kun bayyanateera jedhee akka hospitaalaa ba’u murteesse dha.

• Dhukkubsataan kun erga hospitaalaa ba’ee booda hordoffii (ilaalcha irra deebii) (follow up) akka godhu ni bellamama. Erga hospitaalaa ba’ee boda gaafa torban tokkoo, torban lamaafi ji’a tokkootti kan bellamamu.

• Dhukkubni COVID-19 erga nama qabatee booda mallattoolee akkam akkamii argisiisaa?

• Dhukkubni COVID-19 vaayirasiin koronaa erga qaama namaa seenee guyyaa 2 haga 10 gidduutti keessatti kan mallattoo argisiisuu kan eegalu. Haa ta’u malee dhukkubni kun namoota hedduu xiqqoo ta’an keessatti, haga guyyaa 14 osoo mallattoo hinargisiisin turee sana booda akka argisiisuu malu qorannoon bira ga’ameera.

• Mallattoon jalqabaa ho’isaa qaama (fever) kan jennudha, mallattoon kun namoota dhukkuba COVID-19 kanaan qabaman keessaa dhibbeentaan 88 (88%) kan ta’an irratti mul’ata. Itti aansuudhaan qufaa gogaa (dry cough) ammoo haga dhibbeentaa 67 (67%) irratti argama. Dabalatan mallattoo akka, dhabsiisuu (fatigue), hafuura kutuu (shortness of breath)fi darbee darbee namoota muraasa irratti ammoo teessisaafi balaqqamsiisaa (haa’a) argisiisuu danda’a.

• Vaayirasiin COVID-19 kun akkamiin namarraa gara namaatti daddarba?

• Vaayirasiin addunyaa keenyaaf

haaraa ta’uusaa irraan kan ka’e, akkaataa vaayirasiin kun ittin daddarbu keessaa muraasa akka karaa qilleensaan dadarbuu irratti walii galtee dhabuun qorattootaa haa jiraatu malee, akkaataa dhaabbanni fayyaa addunyaa eeretti karaaleen dhukkubni COVID-19 kun itti

daddarbu kanneen armaan gadiiti. • Waltuttuqqaa (contact) namoota

dhukkuba kanaan qabamaniifi namoota fayyaa ta’aniin vayirasichi ni daddarba.

• Haga turtii vaayirasiin kun meeshaalee kana irra turu irratti qorattoonni yaada addaa addaa qabaatanis, meeshaalee garagaraa akka sibiilootaa, pilaastikoota garagaraa, meeshaalee mukaa fi kkf namoonni vaayirasii kana qaban tuttuqanii yokaan itti fayyadamanii, vayirasiin kun irra buufate, namni fayyaan yoo deemee tuttuqu vaayirasichi akka daddarbu walii galtee maraati. Vaayirasichi meeshaalee kana irra yoo xiqqaate guyyotaaf osoo hinbadiin eegee akka namatti darbu beekuunis barbaachisaadha.

• Yoo namni dhukkuba kanaan qabame qufa’u (coughing) yokaan haxxiffatu (sneezing) bishaan xixiqqoo (droplets) afaaniif funyaan nama hubamee kana keessaa ba’ee faca’u irraan gara nama fayyaatti darba.

• Kun namni fayyaan haalaan itti siiqee walitti dhiyeenya meetira lamaa gadii irra jira yoo ta’e, cophni bishaanii sun kallattumaan nama qufa’e ykn haxxiiffate sana irraa ba’ee waan irra bu’uufi. Yoo namni kallattiin nama qufa’u ykn haxxiffatu bira hin jiraanne garuu vaayirasichi copha bishaanii xixiqoo kana waliin lafa bu’a waa ta’eef qilleensa keessa taa’ee nama eegee itti hindarbu.

• Vaayirasiin kun baya’inaan kan daddarbu, eessa fa’ittii?

• Mana rifeensaa itti sirreeffatan • Gabaa fi bakkeewwan bittaaf gurgurtaa

namni itti heddummatu/rukkatu• Mana puulii, jootenii, teenisiifi taphoota

kana fakkaatan• Bakkeewwan waaqeffannaa amantaa

gara garaa • Mana cidhaa fi ceremony adda addaa • Manneen boo’ichaa ykn sirna

awwaalchaa garagaraa • Geejjiba hawaasaa (public

transportation) • Manneen nyaataaf dhugaatii (haga

dirqama hin taanetti) manneen sirbaa (guyyaas ta’e halkanii)

• Walga’ii, afooshaafi gurmaa’inaalee biroo namni itti baay’atu

• Manneen fiilmiifi agarsiisa adda addaa (cinema)

• Waldorgommii taphootaa gosa kamiyyuu (kubbaa, wal’aansoo, fiigicha...)

• Hospitaala (Yoo nama gaafachuu deeman).• Manneen dubbisaa (Library) namoonni

keessatti baay’atanii dubbisan fi kkf dha Dhukkuba COVID-19, akkamiin ofiifi maatii keenya, akkasumas hawaasa keessa jiraannurraa ittisuu dandeenya?Dhukkubni tokko akkamiin akka daddarbu yoo beekame, akkamiin akka ittisuun dada’amu namuu namaatti hin himu. Innis karaalee dhukkubichi ittiin daddarbu jalaa cufuu dha. Mee karaalee daddarbaa kan COVID-19 kana akkamiin jalaa cufuu dandeenya? Dhukkubni kun akkuma beekamu ofiin deemee dhufee mana namaatti hin seenu. Namatu ofii gadi ba’ee bakka vaayiresiin kun jiru deemee osoo hin beekiin mataa ofiifi maatii ofiitti fidee dhufa. Kanaafuu malli ittisa vaayirasii kanaa inni amansiisaan, haga dirqama namaatti ta’ee manaa ba’anitti, mana ofii keessa maatii ofii wamiin taa’uudha. Kun akka biyyoota biroo biyya keenyaaf salphaa miti. Sababni isaas namni guyyaa guyyaan hojjatee, waan hojjatee argate sanaan qofa nyaatee bulu lakkoofsaan salphaa miti waan ta’eefi. Akkaataan ittiin dhukkuba kana dhorkan inni kan biroo ammoo qulqullina harka keenyaa sirriitti eeguudha. Kunis, yeroo mara haga dandeenye harka keenya saamunaafi bishaan qulqulluun yoo xiqqaate sekondii 20 siriitti dhiqachuu dha. Yoo saamunaa dhabne ammoo alkoolii harka keenya ittiin qulqulleeffachuuf qophaa’e kan mana qorichaa (faarmaasii) kamittiillee argamuu danda’u bitachuudhaan harka keenya sirriitti waliin ga’ee rigachuu.• Akka carraa haalota armaan olii

fayyadamuudhaan harka keenya kan hin qulqulleefatiin yoo ta’e harka keenya haga qulqulleeffannutti, harka keenyaan afaan keenyaafi funyaan keenya tuttuqquu dhiisuu.

• Nama dhukkuba kanaan qabame yokaan naannoo dhukkubi kun argametti mallattoo dhukkuba kanaan shakkame yoo kunuunsinus ta’e dubbisnufi kkf, baay’ee siquu (close contact) dhiisuudha.

• Yoo dhukkuba kanaan qabamne yokaan mallattoo dhukkuba kanaa ofirratti argine ammoo ala baanee hawaasatti makamuu dhiisuudhaan mana taa’uu, maatii keessa jiraannuufi namoota mana keessa jiraniif ille illee eeggannoo cimaa taasisuufi mana yaalaa naannoo keenya jirutti deemnee beeksisuudha.

• Yoo dhukkubsanne ykn mallattoo of irratti argine, yoo qufaanu yoo argame maaskii ykn haguugduu afaanii godhachuu, dhabame ammoo afaan keenyaafi funyaan keenya huccuudhaan haguugnee qufa’uufi haxxifachuu.

Horaa bulaa deebanaa

Page 11: barbaadduu? Warshaan Daabboo Shaggar WaxabajjiirraaAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 22 Bara 201211

YAADA BILISAA Hamiltan AbdulaaziizAfaaniifi Gaazexeessummaadhaan Yunivarsiisii Finfinneerraa

digrii jalqabaa qaba. Wayita ammaa dhunfaadhaan hojjeta

Yaada barreessaaf qabdaniif karaateessoo ‘e-mail’ isaanii

barreessuufii ni dandeessu.

Jirraa jirtuu maatiin Bariisaa? Bagammoo ittiin isin gahe. “Maaliin?” akka hinjenne malee. CAAMSAA 20. Ayyaana Iida Alfaxriirraa haftaniirtu jedheen abdadha.

Taajjabbii gochaa turre torbee darbe. Waa xinnoo isin yaadachiiseera jedheen abdadha. Ammas badaa naannawa sanarraa otoo hinfagaanne waa walqabsiisuun baheessa. Dhibeen kun daranuu hammaachaa adeemuu malee waan gadi laafu miti.

Akkuma argaa jirru biyya keenyattis kan dur caalaa lakkoofsi namoota dhibee koronaa vaayirasiitiin qabamanii gar malee ol dabalaa dhufaa jira. Kun danuu nama yaaddessa. Hardha boru maal akka dhalatu tilmaamuun tasa yeroo itti hindanda’amne keessa jirra. Kanaaf falli ammaaf jiru waan hundumaa fageenyumatti eeggachuufi halaalumatti ooffachuudha.

Otuma jennuu naannoon ani itti dhaladhetti ayyaana Iid Alfixiriin warri Baalee ayyaana “Fishee” jedhuun. Kanan mataduree koo hardhaarratti tuqes isuma kana. Egaa akkuma teessumaan ollaa warra Arabaa kana jirru Afaan Oromoo waan baay’ee addunyaa Arabaafi baha giddugaleessaa kanarraa dhaaleera.

Isaan keessaa amantiin Islaamaa isa tokko. Oromoon akkuma lafa qubsumaatiin bahaa hamma dhihaatti lafa diriiraa qabatee taa’een hariiroo jireenyasaatis addunyaa garagaraa wajjin walitti hidhamee jaarraawwan hedduuf le’eera.

Akkuma Oromoon kallaattiidhaan lixaafi kaabaa amantii kiristaanaa fudhatee madaqfateen kan kibbaafi bahaa ammoo hariiroo Arabaafi amantii Islaamaa faana firummaa cimaa horachuun hardharra gaheera.

Kun eenyummaasaa kan hardhaa kanaaf bu’uura cimaa gateera. Adda addummaan tokkummaa keessatti adeemsa yeroo dheeraa keessa uumamaa dhufe kun carraas qormaatas fidaa dhufuunsaa waan haalamuu miti.

Hardhaaf xiyyeeffannoon koollee qorannaa seenaa keessa galee garaagarummaa jiru sana qeequu otoo hintaane haala wayitaawaa amma keessatti argamnu faana akkamitti akka dabarsaa jirru dhimmoota tokko tokko walbira qabaa ilaaluudha.

Akkuma hundi keenya beeknu barri baranaa dhala namaa hundaaf bara qormaataa cimaafi yeroo ulfaataa akka ta’e mamii hinqabu. Koronaan gama tokkoon addunyaa guutuu afaan tokko akka haasa’u dirqisiise gama kaaniin ammoo aadaawwan haaraa akka dhaallus nu dirqeera.

Ummata Oromoo amantii Islaamaa hordofaniifis ta’ee kanneen birootiif seera

haaraa baaseera. Ramadaanni alanaa kan yeroo kamuu caalaa haala addaa keessatti baatii dabarsineedha. Dhugaa dubbachuuf wareegama guddaatu kaffalame.

Dhibee kana xinneessuuf yoo danda’ame ammoo cirumasaa dhaabsisuuf yeroo itti hordoftoonni amantichaa fooniifi lubbuusaanii illee agabsanii dabarsaniidha.

Ministirri Muummeen keenya Doktar Abiyyi Ahmad kanuma ibsuudhaan yeroo hawaasa Musliimaatiin baga ittiin isin gahe jedhanitti hawaasa fayyummaa biyyaafi ummata addunyaa guutuuf jecha aadaa amantiisaaniirraa of qabanitti yemmuu galata galchanitti sirritti dubbataniiru.

“Yeroo ulfaataa kana keessatti baatii kabajamaa Ramadaanaa kana foon keesaan qofa otoo hintaane lubbuu keessanis agabsitanii duula ittisa dhibee koronaatiif akka biyyaatti taasifamuuf qooda bakka bu’ummaa hinqabne gumaachuu keessaniif galata guddaan isinii galchuun barbaada” jedhan ministirri muummee keenya.

Dhugaadha dhibeen kun balaa dhala namaa hundatti dhufeedha. Akaakuu, amantii, sabummaa, umrii, beekumsaafi humna dinagdee kan hinfilanneefi hundumaa kan qabuudha. Egaa kana keessa teenyee Waaqaaf bullee seera mootummaatiifis abboomamuun ulfaataa ta’uyyuu lubbuu namaatii ol wanti caalu waan hinjirreef seerota amantichaa u’ulfaatoo hunda irraa soomnee xumurreesrra.

Ramadaanni gaafa dhufu hunda caalaa foon ufii takaalanii fedhii lubbuutis gabaabsanii yeroo itti Waaqaa wajjiniin marii taa’amuudha. Halkan baatii Ramadaanaa iddoowwa hundatti guyyaa fakkaata. Firri fira gaafata, ollaan ollaa waliin sooma fura.

Rakkataatu arjoomaan badhaafama. Aadaa gaggaariin hedduun baatii kana faana dhufa. Gaarummaan waggaa guutuu argamee hinbeekne baatii kana eeggatee dhufa ture. Barana garuu sun hunduu qormaata keessa gale. Dhalli namaa walbaqate. Ollaan akkam bultanii waliif dhabe. Dhukkubsataa gaafachuun, kan du’e boohanii awwaallachuun waliin nyaatanii waliin dhuguun, walitti maramanii wal dhungachuun aadaa boodatti hafaa ta’e.

Haata’uutii ammoo carraa gaariis fidee dhufuunsaa waan haalamuu miti. Dhibeen carraa maalii fida ammoo akka naan jettanu nan tilmaama. Wantoota akka carraatti ani ilaale keessaa tokko aadaa qulqullina eeggachuu keenyatu cime.

Hiriyaan koo tokko ogeessa fayyaati kan natti hime keessaa dhibeewwan akka utaalloo, garaa-kaasaa, busurxiifi kkf kanneen sababa hanqina qulqullinaatiin dhufan koronaaf yaa ta’uutii dhabamaniiru

yookaanis xinnaataniiru.

Namni sababa koronaatiin harkasaa waan dhiqatuuf carraan golfaa akka kanaatiin qabamuuf qabu xinnaateera naan jedhee ture. Tokko jedhaa. Gama hawaasummaatiin ammoo dur yennaa “zakaa”n (arjooma yeoo soomanaa kennamuudha) kennamu namuma rakkataa dhiheenyatti argamu qofaaf kennama malee isa dhokatee beelaan gaja’amu ija ittiin arginu hin qabnu turre.

Barana garuu walirraa fageenya eeguuf jecha rakkataas sirriitti calallee gargaaruu akka dandeenyu nu taasise koronaan. Lama hinjettanuu? Gargaarsi hunduu bifa qindaa’een kuusaa tokkitti cim’ifamee namuu waan qabu akka itti gumaachu taasifamuunsaa muuxannoo bara rakkoo argamee dha waan ta’eef gara fuula duraas jajjabeeffamuu qaba jenna. Doktar Abiyyi Ahmadis kanumarraa ka’aniit jaarmiyaalee arjoomaa muraasa daaw’achuusaanii kan yaadannuudha.

Gama biraatiin yemmuu ilaallu ammoo muuxannoo umrii kootii keesaatti ayyaana Fishee qorraa akka baranaa argee hinbeeku. Salaanni ykn sagadni tokkummaadhaan bahamee hawaasi Musliimaa iddoo tokkotti Waaqasaa itti galateeffatu hinturre. Obbolootasaa amantii biroo faana baga ittiin isin gahee jedhee walitti dhufuu hindandeenye.

Marqee, qalatee booka naqee fira faana gammaduuf carraa hinarganne. Kun duumessa seenaa keessatti takkaa argamee hin beeknee dha. Waaqayyo nurraa ol haa kaasu malee. Kun aadaa haaraadha. Aadaa koronaa jennee bira darbuu malee wanti dubbatamu hinjiru.

Egaa akkas akkasittiin dabarsine Fishee baranaa. Kanuma keessaanuu ammoo of daganaa hamaatu mul’achaa ture. Gatii of dagannaa kanaan nurra gahe ammoo ni yaadattu. Gabaasa jalabultii ayyaana Fisheefi gaafuma Fishee sana ministirri fayyaa biyyattii haala waytaawaa dhibee irratti ifoomseen yeroo duraatiif namoonni lakkoofsa olaanaa qaban vaayirasii kanaan qabamuusaaniitu dhagahame. Kun daran nama rifaasisa.

Silaa Fisheen akkan ta’uu hinqabu ture. Dargaggeessi Baalee bara durii gaafa Ayyaanni Fishee gahu dursee uffata haaraa bitatee, kaanis isuma qabu miiccee addeeffatee, goofaree filatee shamarran waliin lafarratti bahee walwajjin sirba ture.

Guyyaa sooma hiikkarraa kaasee hamma guyyaa sadihiitti Fisheedha jedhamee waan amanamuuf ni sirbamaa ture. Akkasuma mana manarra deemamee dhangaa ayyaanaa funaannama ture. Amma sun hunduu seenaa ta’ee hafeera.

Tokkoon sababuma dursee jiruuf. Kan lammataa dhufaatii koronaatiin walqabatee jechuudha. Akkasittiin xumura ayyaanichaa agarsiisuuf galgala yemmuu gargar bahan.

“Fishee baranaa, hayni kee hammanaa?” jedhaniitu kan bara dhufuutiin akka isaan gahu hawwanii gargar galu.

Gabaadhuma kana hunda gidduudhaan ammoo gabaan siyaasaatis bitee walgurguruunsaa akkuma duriitti inumaa kan durii caalaa ho’ee ittifufeera. Mata dureensaa ammoo waa’ee filannoo, hiika heera mootummaafi caalaatti ammoo waa’ee hidha guddichaa laga Abbayaa faana walqabateedha.

Egaa ejjennoon biyyi keenya qabatte yoomuu hariiroo addunyaa akka inni sarara qabsiisu beekkamaadha. Mootummaan masrii ejjennoo gad dhaabbataa mootummaan Itoophiyaa ibseen rifachuun gara mariitti deebi’uusaa ifa godhuusaas dhageenyeerra.

Kun waan onneerra maddeefii dhugumatti araara waaraa barbaaduurraa kan madde taanaan waan gaariidha. Garuu akka Hayyoonni siyaasaa himanitti keessumaa namoota siyaasa warra Gibxii nama itti dhiheenyaan beekuuf ejjennoonsaanii kun kan abdiin itti gatamuu miti.

Dhiheenya kana ammoo mootummaan Sudaanis ejjennoo isiirraa mucucaattee faallaa Itoophiyaa dhaabbachuu isiitu himamaa jira. Amma wanti beekamuu qabu biyyi kamuu fedhiifi faayidaa isaa qofarra dhaabbateetu kan inni biyya biraa faana hariiroo dippilomasii ijaarratu. Kanaaf nus mootummaa keenya cinaa dhaabbannee birmadummaa keenya kabajsiisuuf yeroo kamuu caalaa yeroo tokko itti taanu ta’uusaa kan ifatti namatti agarsiisuudha.

Amma hundi keenyaa afaan tokkoon hidhi laga Abbayyaa seeraanis seenaanis darbee ammoo kan nu hacuucuu barbaaduuf humnaanis kan ijaarree xumurruufi ittifayyadamummaa ummata keenyaa akka dhugoomsinu ejjennoo tokkoon mootummaa keenya cinaa yeroo itti hiriiruu qabnuudha. Siyaasi keenya ammaaf nuuf haa bulu. Siyaasa qe’ee keessaa jechuu kooti. Hardhaaf na haa gahu.

Ammas irra deebi’ee baga ayyaana Caamsaa 20tiin isin gahe nuun gahen jedha.

Horaa bulaa deebanaa

Torbaniin nu haa gahu!

Yaada keessaniif teessoon koo kan armaan gadiiti. Warra naaf

gumaachitaniif galanni koo dachaadha.

Bilbila: +251964113111

Email: [email protected]

Fishee Baranaa, Hayni kee hammanaa…?

Page 12: barbaadduu? Warshaan Daabboo Shaggar WaxabajjiirraaAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 22 2012 12

QORAASUMA Zarihun GabreeIngiliffaan digrii jalqabaa, ‘HIV/AIDS’fi Gorsa wajjiin walqabatee Maastarsii qabu. Yeroo ammaa barnoota “Transformational Leadership” jedhamu sadarkaa ‘PhD’tti barachaa jiru. Barreessaa kitaabota Afaan Oromoon Waangolii Dhaloota Mancaasan, Geggeessaa Jijjiiramaaf Dhalate, afaan Ingiliziin ammoo ‘Abortion and Evangelical Christians, Risk Behaviors and HIV/AIDS among Ethiopian University Students jedhamaniiti.

“Hundumtuu waa’ee addunyaa geeddaruu malee waa’ee of gedderuu hin yaadu”

ALA Fulbaana 21, 1953 Nelson Mandeellaa geggeessummaafi aarsaan gargar ba’uu akka hindandeenya yaa’ii dhaabbata siyaasaa “ANC” jedhamurratti yeroo dubbatan “Lafa yaadne ga’uuf akka geggeessitootatti dachaa gaaddidduu du’aan guute keessa yeroo hedduuf darbuun tulluu yaadnerra geenya.

Wal’aansoon anaaf jireenya kooti. Gadi qabamuu gurraachaatiif nan lola akkasumas gadi qabamuu warra adiitiifis nan lola. Lamaanuu gadi qabamuu hinqaban. Inni kun garuu gatii nabaasisuu danda’a” jedhan.

Namni waan gaarii hojjechuuf yoo aarsaa barbaachisaa kanfale gatii argatu niqaba. Seenaa keessatti hojii ciiggasisaa hamaa gara garaa hojjetanii kan darban seenaan kan isaan hindaganne baay’eedha.

Isaan kunniin jireenyisaaniis jireenya kasaaraa akka ta’e agarra. Kara kan biraa ammoo ofiif akka shaamaatti dhumanii biyya lafaa ibsanii kan darban jiru. Gaaffii guddaan, nuti warra kam keessa jirra isa jedhuudha? Maaliin yaadatamuu barbaadna?

Lamaanuu harka keenya keessa jiru. Mammaaksa afaan Ingilizii tokko gara afaan keenyaatti yeroo hiiknu akkas jedha, “Egeree kee miidhagsuus ta’e fokkisiisuu ni dandeessa!” Yoo har’a sirriitti aarsaa kanfaluu qabnu baasne egereen keenya isa har’aa irra adda. Isa kana ammoo eenyullee nuuf hin mijeessu. Eenyu irraas eeguu hinqabnu. Dhalli namaa boriisaa tolchuufi balleessuu ni danda’a.

Nama fedhasaa har’aa aarsaa gochuu danda’utu guyyaa gaarii bor arga. Mul’ata qaban bira ga’uuf wal’aansoofi aarsaa kanfaluun murteessaadha. Haalota jiran bifa addaan ilaaluu danda’uun barbaachisaadha.

Isa kanaaf garuu mul’atni ni barbaachisa. Maaliif akka aarsa kanfallu beekuun gaariidha. Abjuu qabaachuun murteessaadha. Abjuu aarsaa kanfalluuf. Abjuu suura lafa bor ga’uu qabnu nutti mul’isu qabaachuu qabna. Abjuu sirrii namni qabu maaliif akka jiraatuufi maaliif akka du’u nibeeka. Inni kun ammo akka tasaa rakkoo mudatuuf akka harka hinlaanne taasisa. Cimina ittiin injifatan qabu. Dandeettii ittiin rakkoo keessa taran qabu. Namni abjuu qabu yeroo hunda nama mo’ichaati.

Namoonni fedhasaanii aarsaa gochuu dandaa’an of irrattis ta’e nama biraarratti dhiibbaa gaarii fiduu nidanda’u. Sababa miidhama dhalootaa utuu hinta’in sababa jireenyaa ta’u. Isa kanaaf baroota keessatti namoota of kennoo ta’an hedduu agarreerra.

Fakkeenyaaf yeroo ummanni Ameerikaa waliisaanii lolaa turan (American Civil War) haala rakkisaa keessatti gatii kanfalanii kan namoota oolchan turaniiru. Akkuma namootni hojii hamaa dalagan turan hojii gaariis hojjechuuf kan uumaman turaniiru. Akka obbolootni walmiidhan kan taasisan akkuma turan gatii baasanii kan dhaloota oolchan ammoo turaniiru.

Wanti nama gaddisiisu yoo jiraate garuu ummanni Ameerikaa loliisa diinotasaa lolan hunda irra kan isaan waliisaanii lolan hamaa ture. Loliisa walii isaanii lolan kanaan namoonni kuma 700ol dhumaniiru.

Gama lamaaniiniyyuu kan walajjeesaa turan loltoota Ameerikaa turan. Gama tokkoon loltoota tokkummaa Ameerikaa gama biraan ammo loltoota konfidereeshinii turan. Muddee 14, 1862 loltoonni Konfidereeshinii Ameerikaa guyya tokkotti loltoota 8000 ol ajjeesan.

Loltoota rukutaman kana keessaa hedduun du’aafi jireenya gidduutti hafuun halkan guutuu aadaa, iyyaa bulan. Loltoonni rukutan kan konfidereshiniis iyyaafi sagalee dhiphina isaanii dhaggeeffachaa bulan. Kanneen fooyyee qaban, kan qaamni isaanii irraa cite daa’imanii gargaarsa argachuuf yaalii godhu turan.

Kaan immoo utuu iyyanii achumaan hafu. Kana kan dheggeeffate loltuun warra konfidereshinii garaan isaa hedduu gadde. Diina isaa yoo ta’an illee callisee dhiphina isaanii dhaggeeffachuu jibbe.

Halkan guutuu dhiphachaa bulee ganamaan ka’ee ajajaa isaa heeyyamsiifatee keenyan gidduu isaanii jiru irra darbee diinota dhiphataa jiraniif bishaan kennuuf akka barbaadu ibseef. Ajajaan isaanii garuu ni dide, akka dhaqee gargaaru hinfeene. Sababiin isaa yeroo inni gama diinaatti ce’u warri fayyaan dhahanii ajjeesu jedhee sodaate.

Loltuchi garuu jabaatee gaaffii waan ittifufeef dhuma irratti ni heeyyameef. Namich ikun maqaan isaa Kirkilaandi jedhama. Egaa yeroo Kirklaandi itti ce’uu dhukaasa guddaa itti gadi dhiisan. Inni garuu kana hundumaa miliquun warra du’aafi jireenya gidduu jiran bishaan kenneef, uffata isaas ofirraa baasee irra buusuun gargaare.

Deddeebi’ee bishaan guuree diinota isaa obaase. Inni kun yeroodhaaf loliisa gidduu isaanii ture dhaabuu danda’eera. Diina kooti jedhee taa’uu hinbarbaanne. Gargaaruuf harka isaa bal’ise, Waan danda’u hundumaa taasise. Aarsaa kanfaluu qabu inni dhumaa lubbuu kan isa gaafatu yoo ta’ellee soda malee aarsaa godhe. Isa kufe kaasuuf of kenne.

Akka dhala namaatti of irra darbuun isa kaan gargaaruuf, isa kufe kaasuuf, isa abdii kutate abdiitti deebisuuf waan kanfallu qabna. Isa kanaaf ammo of irra darbuu danda’uun barbaachisaadha. Faayidaa mataa ofii irra darbuu gaafata. Ilaalcha gaariifi yaada qajeelaa qabaachuu gaafata.

Sammuu waan gaarii yaadu irraa amala gaariitu mul’ata; sammuu hamaa yaadu irra ammo amala hamaatu calaqqisa. Namni waan nyaate deeffata. Waan sammuu isaa keessa jiru calaqqisiisa. Isa kana seeraan jijjiiruun hindandaa’amu. Abbaatu itti yaada. Abbaatu jijjiiramaaf of qopheessa.

Darbees bara keessa jirru kana keesatti akka hawaasaattis aarsaa baasuu qabnu danuutu jiru. Yeroo amma keessa jirru kana hundumaa irra tatamsa’ina vaayirasii koronaa wajjin walqabatee tarii qabeenya keenya, yeroo keenya, fedha keenya, boqonnaa keenyafi kkf akka aarsaa goonuuf kan nu gaafatu ta’uu danda’a.

Akka dhaabbilee siyaasaattis akkasuma. Wantoota aarsaa goonu danuu qabna. Yeroo ammaa haala dhalootni keenya keessa seenee jiru keessaa baasuun kan nama muraasaa miti. Hojii hunda keenyaati.

Isa kanaaf hunduu harka walqabachuun dhaloota abdii qabu, dhaloota amala gaariin qarame, dhaloota angafaafi quxusuu beeku, dhaloota sammuu bilchaataa gadi fageessee xiinxalee ilaalu kkf horachuurratti xiyyeeffachuun barbaachisaa ta’a.

Egaa namni kam iyyuu egeree gaariif waan aarsaa gochuu malu qaba. Gammachuun borii aarsaa malee hinjiru. Namootni har’a milkaa’ina garaa garaa argatanii arginuufi dhageenyu aarsaa kanfalan qabu.

Fakkeenyaaf akka biyya keenyaatti atileetotni keenya mo’icha argachuuf gatii guddaa kanfalan qabu. Of to’achuun shaakala barbaachisaa godhu. Bu’aa ba’ii hedduu keessa darbu. Maatiin ijoollee isaanii bor bakka gaarii akka ga’aniif gatii kanfalan qabu. Namni waan argatu tokkoof gatii kanfalu qaba. Akkasumas gatii kanfaluufis waan argatu ammo qaba. Jireenyi namaa daldala cimaadha. Waan argannuuf gatii kanfallutu jira.

Isa kanaaf rakkoon jirus ta’e bal’inni kan nama muraasaa miti. Hundumatu hirmaachuu qaba. Hundumatu of qopheessuu qaba. Hundumatu of ilaaluun yoo barbaachise of ilaaluu qaba. Inni guddaan namni bakka jirutti haala amma jiru jijjiiruuf aarsaa kanfaluu qabu kanfaluu mala.

Waan dhiisuu qabu utuu gargaarsa hinbarbaadin dhiisuu qaba. Tokko tokkoon keenya sochii gaarii nuti goonu walitti dhufee biyya lafaa kana ibsa. Namni gama isaatiin guca yoo qabsiise walitti dhufee biyya lafaa ibsuu hinoolu.

Yeroo tokko waa’ee Loren Eiseley nama jedhaman maanguddoo bashannanaaf qarqara galaanaa utuu deemanii dargaggeessa jijjiiramaaf hanga dandeettii isaatii tattaafatu tokko arganii dubbatu. Dargaggeessi kun ariitiin gadi jedhee utuu ol jedhuu arganii itti siqanii yeroo ilaalan qurxummii dhahaan galaanaa darbatee bakkeetti baasu tokko tokkoon funaanee bishaanitti deebisa.

Manguddoon kunis dhaabatanii erga ilaalanii booda “Maal hojjettaa?” jedhanii gaafatan. Dargaggeessichis “Qurxummiin galaanatti deebisa” jedhe. Maanguddoonis deebisanii “Maaliif galaanatti deebistaa?” jedhanii gaafatan. Dargaggeessichis “Aduutu ba’aa jira.

Qurxummii kana galaanatti hin deebisu taanaan ni ajjeesa” jedhe. Isaan booda maanguddoon kun “Galaanni kun dheeraa dha.

Qurxummii hedduun galaanaan darbatamanii bakkee akka guutan hin arginee? Jijjiirama nan fida jettee yaaddaa?” jedhan. Dargaggeessichis gadi jedhee qurxummii tokko fuudhee galaanatti deebisaa “Qurxummii tokkoo kanaaf jijjiirama fiduu danda’eera” jedhe.

Har’as taanaan namni bakka jirutti waan gaarii hojjechuuf yoo tattaafate guyyaan borii guyyaa abdiiti. Namni hundumtuu duraan durse jijjiirama amalaa ofirratti fiduu yoo danda’e dhalootatu geeddarama. Jijjiiramni biyya irraa utuu hinta’in tokkoo tokkoo keenya irraa eegala.

Eda’amnisaa jijjiirama walooti. Yeroo tokko waa’ee dargaggeessa biyya lafaa jijjiiruuf yaalee dhaga’een ture. Jalqaba irratti biyya lafaa jijjiiruuf jedhee dadhabe. Itti aansuun biyya koon jijjiira jedhee dadhabe; itti fufee magaalaa isaa jijjiiruu yaalee dadhabe; dhuma irratti maatii isaa jijjiiruuf yeroo yaalutti ni dullome.

Kanneen hunda booda “Jalqaba utuun ofii jijjiiramee maatii kootti darbeera ta’e waan hedduu jijjiiruu nan danda’an ture” jedhe. Nus jijjiiramaaf eessaa akka eegallu, kallattii isaas sirriitti beekuun daran barbaachisaa dha. Jijjiirama of irraa eegaluun gaariidha. Yoo akkas ta’e wantootni hedduun nuti har’a agarru furmaata niargata.

Isa kanaaf garuu duraan dursinee ofii keenyaaf jijjiiramuun barbaachisaadha. Akkaataa nuti itti haala jiru ilaallu isa kaleessaa irra har’a fooyya’aa deemuu qaba. Addumaan ilaalchi keenya jijjiiramuu qaba. Namni ilaalcha gaarii qabu nama dhiibbaa gaarii geessisu ta’uu danda’a.

Isa kanaaf nuti duraan dursinee jijjiiramuu qabna. Yeroo tokko Lewo Tolestoy namni jedhamu akkas jedhe, “Hundumtuu waa’ee Addunyaa geeddaruu haasa’u malee waa’ee of gedderuu hin yaadan”. Namni ofii hinjijjiiramne jijjiirama fiduu hin danda’u.

“Namni waan argatu tokkoof gatii kanfalu qaba. Akkasumas gatii kanfaluufis waan argatu ammo qaba.”

- Lewo Tolestoy

Page 13: barbaadduu? Warshaan Daabboo Shaggar WaxabajjiirraaAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 22 Bara 2012 113Fuulli kun namoonni dinagdeedhaan

milkaa’aniifi dhimmoonni dinagdee kan irratti keessummeeffamuudha

ABBAA SA’AA

Godinaalee Oromiyaa omisha qamadiifi garbuutiin daran beekaman keessaa tokko Godina Arsiiti. Haalli teessuma lafa qonnaa godinichaas qonnaan bultoonni gurmaa’anii kilaastaraan akka omishaniifi makaanaayizeeshinii qonnaa akka fayyadamaniif mijataadha.

Makaanaayizeeshinii qonnaa fayyadamuudhaan kilaasteraan qotuun ammoo omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu keessatti gahee guddaa qaba. Gareen gaazxeessitootaas Wiixata darbe hojiilee kilaastariifi makaanaayizeeshinii qonnaa aanaalee Doddotaafi Heexosaatti hojjetamaa jiran daaw’ateera.

Ittaanaan bulchaa godinyichaa Obbo Taakkalee Tolasaa akka jedhanitti, godinichatti qonna ganna baranaatiin lafti heektaarri kuma 583 kan qotamu yoo ta’u, kana keessaa lafti heektaara kuma 425 ol makaanaayizeeshinii qonnaatiif mijataadha.

Hanqina makaanaayizeeshinii rraa kan ka’e lafa heektaara kuma 225 qofa makaanaayizeeshiniidhaan kan qotame. Tiraakteroota 225fi kombaayinaroota 85 akka godinichatti jiran irratti tiraakterootni 76fi kombaayinarootni 70 barana qonnaan bultoota adda duree gara invesimantiitti ce’aniif akka dhiyaatu ta’eera jedhu.

Barana akka godinichaatti kilaastara kuma 11fi 143 hojjechuuf karoorfamee hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, hanga ammaatti kilaasterri qamadiifi garbuu kuma saddeetiifi 200 hojjetameera. Kilaastaraan omishuufi makaanaayizeeshinii qonnaa fayyadamuun omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu himu.

Obbo Darrasaa Xilahuun Godina Arsii, Aanaa Heexosaatti qonnaan bulaa ganda Guchii Habee Baddoosaati. Akka isaan jedhanitti, lafa isaanii si’a lammaffaa qotuun sanyii barana faca’uuf qopheessaa jiru. Bokkaanis barana yeroosaa eeggatee haala gaariin roobaa jira. waggoota shanan darbanii asi tiraaktariidhaan qotaa jiru.

Yeroo ammaa dhuufaasaaniitti tiraaktara tokko qabu. Duraan yeroo sangaadhaan qotaa turan lafa heektaara tokko irraa qamadii kuntaala 15 hanga 20tti argachaa akka turaniifi erga tiraaktariidhaan qotuu jalqabanii ammoo lafa heektaara tokko irraa qamadii kuntaala 40 hanga 50tti argachaa kan jiran ta’uu dubbatu.

Biiroon Qonnaafi Qabeenya Uumamaas qonnaan bultoota gurmaa’anii kilaastaraan omishaa jiraniif sanyii filatamaa, guddistuu callaafi qorichoota farra ilbeesotaafi aramaa kan dhiyeessuuf ta’uu himanii, ogeessonni misooma qonnaas deggersaafi gorsa barbaachisu isaaniif kennaa jiru. Hoomaan awaannisaa yoo mudate omisha keenya guyyaa tokkotti balleessuu waan danda’uuf mootummaan ittisaafi to’annoorratti xiyyeeffatee hojjechuu akka qabu gaafataniiru.

Aadde Abarraash Xilaahuunis aanichatti qannaan bultuu gandichaati. Lafa dhuunfaafi kontoraata fuudhan heektaara 12 tiraakteraan qochisiisanii sanyiif qopheessaa jiru. Qonnaan bultoota naannawaa isaanii waliin ta’uudhaan gurmaa’anii lafa heektaara 206 tiraakteraan qochisiisanii sanyii facaasuuf qopheessaa kan jiran ta’uu himanii, hanga

Natsaannat Taaddasaatiin

ammaatti garuu sanyii filatamaafi guddistuun callaa nuuf hindhiyaanne. Bara darbe ammoo lafa heektaara 80 irratti miseensota dhiiraa 56fi dubartootaa 9n gurmaa’anii hojjechaa kan turan yoo ta’u, barnana miseensi isaanii dhiirota 154fi dubartoota 12n gurmaa’anii hojjechaa kan jiran ta’uu himaniiru.

Godinichatti Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Aaanaa Doddotaa Obbo Qaasim Kadir akka jedhanitti, waggoota darban hojiin kilaastaraan qotuu bifa bittinnaa’een geggeeffamaa ture. Waggoota sadan darbanii as garuu qonnaan bultoota keenya leenjisuudhaan faayidaa kilaastaraan qotuun qabu hubachiisneera. Haaluma kanaan barana akka aanichaatti lafa heektaara 900 kilaasteraan qotuuf karoorfannee hojjechaa kan jiru yoo ta’u, hanga amaatti lafti heektaarri 600 kilaasteraan qotameera jedhu.

Kilaasteraan hojii qonnaa adeemsisuun bu’aa guddaa qaba. Qonnaan bultuun lafa qonnaa walitti aanu qaban gurmaa’anii kilaasteraan wayita hojjetan lafti yeroo walfakkaatu qotama. Sanyii, xaa’oo, farra ilbiisotaafi aramaa akkasumas teknolojii qonnaa walfakkaatu waan fayyadamaniif omisha walfakkaataa argatu.

Midhaanis yeroo walfakkaatu faca’ee yeroo walfakkaatu sassaabama. Akkasumas qonnaan bultoonni lafa heektaara tokko irraa omisha walfakkaataa akka argatan taasisuudhaan omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu keessatti qooda guddaa kan qabu ta’uu himu.

Galteen qonnaas duree kan kennamu qonnaan bultoota kilaasteraan omishaniif ta’uu kan himan Obbo Qaasim, qonnaan bultoonni kilaasteraan omishan yeroo ammaa galeewwan qonnaa harka galfataniiru. Lafa sanyii facaasanis tiraaktaraan qotanii qopheessaa jiru. Yeroo ammaa qonnaan bultoonni aanichaa hedduun faayidaa kilaasteraan hojjechuun qabu hubatanii gurmaa’aafi nu biratti galmaa’uuf gaaffii dhiyeeffachaa jiru. Qonnaan bulaan aanichaa kilaasteraan hojjechuuf fedhii guddaa agarsiisaa jiraachuus eeraniiru.

Dhiyeessi sanyii filatamaafi xaa’oo baranaa kan wagoota darbanii waliin walbira qabnee yeroo ilaalu fooyya’aa ta’us akkaataa karoora

keenyaatti nuu hidhiyaane kan jedhan Obbo Qaasim, qonnaan bulaanis sanyii filatamaafi xaa’oo kana argachuuf gaaffii dhiyeessaa jira. Fedhiifi dhiyeessi galteewwan qonnaa garuu kan walsimaa hinjirre ta’uu himaniiru.

Kanaan dura hoomaan awaannisaa yeroo lama aanichatti mudatee ture. Yeroo sana buuphaa buusee waan deemeef buuphaan sun cabee awaannisa ta’uu danda’a sodaa jedhu qabna. Qonnaan bulaan keenya omishaafi omishtummaa qonna guddisuudhaan qamadii biyya alaatii bitamee gala jiru hanbisuuf vaayirasii koronaa irraa of eegaa jabaatanii hojjechuu akka qabaniif dhaamsa dabarsaniiru.

Obbo Ahmad Gulbee aanichatti qonnaan bulaa ganda Xaddacha Guraachaati. Akka isaan jedhanitti, lafa heektaara sadii qaban barana haala gaariin qotanii qopheessaa jiru. Sanyii filatamaafi xaa’oo qopheeffatanii yeroo sanyiin qamadiifi garbuu itti faca’uu jalqabu eeggachaa jiru. Kilaastaraan omishuuf fedhii guddaa kan qaban ta’uufi ammaaf gurmaa’anii kilaastaraan qotuun isaan bira kan hingeenye ta’uu dubbatu.

Dhiyeessi sanyii filatamaa hanqina qabaachuufi hoomaan awaannisaa kanaan dura dhufee ture buuphaa buusee waan deemeef deebi’ee mudachuu danda’a sodaa jedhu qabna. Weerara vaayirasii koronaas irraa of eeguufis qajeelfama mootummaafi gorsa ogeessota fayyaa irraa isaaniif darbaa jiru hojiirra oolchuun hojii qonnaa isaaniis kan hojjetan ta’uu himu.

Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Godina Arsii Obbo Abbaabbuu Waaqoo akka jedhanitti, godinichatti qonna gannaatiif lafti heektaara kuma 583 qophaa’aa jira. Kana keessaa lafti heektaarri kuma 312 tiraakteraan qotamee kan qophaa’u ta’a. Haalli teessuma lafa qonnaa godinichaa tiraaktaraan qotuufi kilaastaraan hojjechuuf mijataadha.

Qonnaan bultoonni godinichaas gurmaa’anii kilaasteraan hojjechaa jiru. Kilaasteraan qotuun qonnaan bultoonni sanyii filatamaa, xaa’oofi teknolojii qonnaa walfakkaataa akka fayyadamaniifi yeroo walfakkaataa sanyii akka facaasaniifi sassaaban taasisuudhaan omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuuf hojjechaa kan iran ta’uu eeru.

Godinichi fedhii sanyii filatamaa guddaa qaba. Fedhii jiru kana guutummaatti guutuun rakkisaadha. Kanaafuu qonnaan bulaan sanyii filatamaa lafa isaa irratti akka qopheessu taasifneera. Qonnaan bultoota kilaasteraan hojjechaa jiraniif garuu sanyii filatamaan dhiyaachaafii jira.

Kanaan dura yeroo akkasii sanyii filatamaan qonnaan bultoota godinichaaf dhiyaatee hinbeeku. Barana garuu hanga ammaatti sanyii filatamaan qamadii kuntaala kuma 22 qonnaan bultootaaf akka dhiyaatu ta’eera. Xaa’oonis qonnaan bultootaaf raabsamaa jiraachuu dubbataniiru.

Kanaan dura hoomaan awaannisaa aanaalee godinichaa torba keessatti mul’atee turuusaa himanii, hoomaan awaannisichaa aanaalee kunneen keessatti buuphaa buusee waan deemeef ogeessotaan qorachiisaa jirra. Sodaa guddaan nuti qabnu hoomaa awaannisaa biyyoota olla irraa nutti dhufuu danda’u akkamitti ofirraa ittisuu dandeenya kan jedhuudha. Ministeerri Qonnaafi Biiroon Qonnaafi Qabeenya uumaamaa naannichaas dhimma kana rratti xiyyeeffatanii hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Hogganaan Biiroo Qonnaafi qabeenya Uumamaa Oromiyaa Obbo Dhaabaa Dabalee akka jedhanitti, naannichatti barana qamadii lafa heektaara miliyoona 200 kilaasteraan omishuuf karoorfamee hojjetamaa jira. biyyattiin waggaatti qamadii kuntaala miliyoona 20 bittee galchaa jirti. Waggaa dhufu qamadii alaa bitamee gala jiru hanbisuudhaaf omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu irratti xiyyeeffannee hojjechaa jirra. Omisha jallisii waggaa dhufuu marsaa tokkoffaafi lammaffaadhaan qamadii kuntaala miliyoona 20 ol omishuuf karoorfameera.

Barana mootummaan naannichaa qonnaan bultoota gurmaa’anii kilaasteraan hojjetaniifi qarshii %20 qusatan tajaajila qarshii liqii akka argartaniif haala mijeesseera kan jedhan Obbo Dhaabaan, hoomaan awaannisaa gammoojjii Baaleefi Booranaatti mul’achaa jiru mootummaa naannichaafi federaalaatiin tarkaanfiin fudhatamaa jira. Makaanaayizeeshinii bara darbe %10 irra ture barana gara %30tti guddisuuf hojjetamaa jira jedhu.

Kilaastaraan qotuun faayidaa maalii qaba?

Suur

ri D

aany

ee A

barr

aatii

n

Qonnaan bultootni Heexosaafi Doddotaa teknoloojiitti fayyadamuun kilaastaraan qotaa jiru

Page 14: barbaadduu? Warshaan Daabboo Shaggar WaxabajjiirraaAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 22 Bara 2012 14ILAAMEE...

Daandii Barraaq gaariif bahanii, aariiDhiheenya kana gumaacha ittisa dhibee koronaatiif ani gaazexessaa Suleymaan Ahmad Dhaabbata mitmootummaa Intarnaashinaal Imaajiin waan deey jedhamu waliin gara Godina Baalee imallee turre. Warri Imaajin irra deddeebiin hojiif garasitti imalaa turan. Anatu takka bayii yeroo jalqabaatiif itti dabalamee waliin imale malee.

Kaayyoon deemsa keennaa, meeshaalee ittisa koronaatiif oolaniifi kanaan walqabatan gumaachuuf, akkasumas hubannoo ittisa koronaa duraan jalqabame jiru cimsuuf ture mariin kan waliin imalle.

Daandiin Barraaqitti nu geessu magaalaa Mannaarraa ka’ee ganda Gongomaa, Naannigaa Dheeraa qaxxaamuree imalu kiiloo meetra 25 hanga 30 tilmaamaan ta’u cirracha uffateera. Darbee darbee bishaan irra garagalee gommaan bishaan facaasaa yoo deemellee.

Kan achirraa hafe biyyee gurraacha bishaan roobaa dhuge. Garuu ijaan kan nama sobu gogaa fakkaata. Imalli itti fufee jira. Deemsa dhaabata qixxeetiin. Tilmaamaan naannawa km 50 hanga 52 ta’uutti daddaffii deemsa keennaa wanni daangesu nu qunname daandii ooyruu fakkaatu dhoqqeen gommaa sakaale. Amma dhageettii kiyya lafti gammoojii yoo itti roobellee dafee gadi dhuga jedhu hubannoo biraa ta’uu argaan mirkaneeffadhe.

Akkuma carraa konkolaataan ani keessa jiru socho’uu dadhabe; konkolaataan nu duraan jiru qixa shunquqataatiin dhoqqee keessaa yoo bayullee. Waan gaarii hojjachuuf manaa baanee aarii. Xiinxalli kiyya mataduree daandii gaariif bayanii aarii jedhee asirraa jalqaba. Misooma daandii Aanaa Dalloo-Mannaa gara ganda baadiyyaa Barraaq geessuu waan agareen xiinxale kunoo isiniin gaye. Gaariif baanee aarii jedheenii. Waan yaadadhee katabe waan sammuun kiyya qabe.

Dhoqqee keessaa bayuuf yaaliifi tooftaalee addaddaa konkolaachisaa keenna Ahmaddiin taasisu cinqaasaa qoodannee waan raawwatamuu qabu mara raawwanne. Duuba goranii dhiibaa, dura taranii harkisaa, yaalle. Nuu milkaayee, bakka sanii sochoone.

Gammachuun imaluu eegalle. Garuu baay’ee hinfagaanne ammallee kan caaluttuu dhufne abdiin jira waan silaa raawwatamu raawwannee akkuma jalqabaa tun nutti ulfaatte, yeroos nurraa fudhatte garaa kutatanii karaan nama hindaangessu jennee hamileen carraaqne. Ammallee dhoqqee keessaa baanee imala eegalle.

Imala gabaabaa booda garuu wanni baranne nutti deebi’e. Haalli kun irra deddebi’ee yeroo shanii ol nuqunname. Konkolaataan lammaffaa akkuma taate taatee baati. Sun lafarraa ol kaati. Garuu nugattee akkamitti fagaatti yaada tokkoof deemna waan ta’eef.

Deemaa waleegna. Konkolaachiiftoonni lameen mari’ataa walgargaaraa konkolaataa dura jiruun kan duubaa harkisaa bakka kaane gayuuf waan carraaquu qabnu mara carraaqne. Meeshaa irraa buusaa baataa lukaan jala deemaa bakka dhoqqeen qabe qotaa baasaa meeshaa itti deebisaa, waa heddu yaalle. Konkolaachiftoonni wal jijjiiraa yaalan.

Yaaliin keenna milkaayuu hindandeenne. Konkolaataan hafuurrisaa duraan hindhagayamne aaraa baasuuf iyyuu foolii fiduu jalqabe sharaan firisiyoonii tarsa’e, kunis mallattoo agarsiisuu isaati. Haala kana keessatti yaaluun rakkoodha. Maarre haga qabbanaayuu eeguun dirqama ture. Obsinee eeynee turtii booda yaalii dhumaatiif qabanneeffannee kaane.

Bakki kun tilmaamaan ganda silaa deemnu,

Barraaq gayuuf kiiloo meetra 12 hanga 15 hincaalu. Magaalaa Mannaa bakka kaanee naannawa km 60 hanga 62 imallee jirra. Bakka deemnu buqqaatotaa bira gayuu baanullee ganda Barraaqiin seennee jira.

Dhiyaannee jirra. Bakka dhaabanne, abdii kanaan abshiir waliin jechaa ka’uuf motora kaasee konkolaachisaan keenna marii konkolaattota lameeniitiin. Konkolaataan kun harkisaa nu duubaan dhiibaa tokko lama sadii jenne.

Aarri dabalee fooliin funyaan nu seene nu duuche. Gommaan deemuu konkolaachuu qabu lafa qotee seene. Yaaliin keenna asitti raawwate. Yeroo dhumaaatiif akka socho’uu hindandeenne beeyne karaan garaa moo’ate yeroof. Sharaan firisiyoonii dhumate marshiin galuu dide jedhe konkolaachisaa Ahmaddiin aariin gaddaan sagalee laafaan mataa qabataa konkolaataa keessaa bu’e.

Nu martuu gadda dachaa gaddine. Deemsatti taboo/ rakkoo nutti ta’uusaa karaa biraatiin ammoo miidhaan konkolaataa irra gaye sanuu konkolaataa tajaajillisaa waggama jahallee sirritti hinguutiin.

Dhimmi daandii kun haalaan yaaddessaadha. Mudannoo altokkoo qofa osoo hinta’iin carraa misoomaa baldhaa akka waliigalaatti aanicha keessa jiruudha, yoo ilaalan. Daandii bu’uura misoomaa, bu’uuraalee misooma biraallee babaldhisuuf murteessaa ta’eef. Akka tasaa bakki itti dhaabanne lafa baldhaa mukkeen xixiqaatiin hektaarri kumaan lakkaawamu itti guutame daangaasaa ijji agarte hin raawwanne. Gamaa gamanatti.

Naannofti kun naannawa rooba gayaa hinqabneefi lafa gammoojjiiti. Haata’u malee akka odeeffannoo keessa beektota naannawichaa irraa argadhetti. Osoo ammoo bu’uuraaleen misoomaa guutamanii humnaafi invastimantii guddaan misoomee Baale qofaa miti biyya guutuu lafa sooruu danda’uudha.

Addaan sissiqee ta’u lafa invastaroonni qonnaaf fudhatanii qonna itti yaa’uu eegalan gartokkeen naannawa kanatti argamu. Invastaroonni kunniin haala qilleensaa uumamaa kanatti dabalatee sababuma bu’uraalee misoomaa keessattuu rakkoo daandiitiin garaa guutuun itti hojjachuun rakkisaa yoo ta’ellee. Yoo roobni tolu wanni gaariin irraa akka galu gaafa roobni goomu/caamu guutummaatti waan biyyeetti dabran dhabuun jira

jedhu keessa beektonni.

Kanaaf xiinxala kiyyaan lafti baldhaan hektaara kumaatamaan laakawamu mukkeen xixiqqoon guutuun agaree qofaan midhaginaan nama hawatu kun guutumatti misoomsuuf yoo barbaadameefi hawwame itti yaadamee humna gahaan irratti hojjatamuu qaba.

Karaa biraatiin pirojaktiiwwan jallisii aanicha keessatti iddoowwan saditti jalqabaman babaldhatanii gara ganda Barraaq geennaan naannofni kun midhaan alaa galu hanbisuu keessatti gayee guddaa qabaata jedhee yaada. Rakkoo misooma bu’uuraa guutuullee ta’e lafa kana misoomsuuf humna aanaa Dalloo Mannaati ol jedhee yaada. Kanaaf akka naannotti dabrees akka biyyaatti itti yaadamuu qabaan dhaamsa nama akka kiyyaa daandiifii naannawa san argee, dhalataa biyyaa, bulchiinsa naannawaa, jaallattoota misoomaa maraati jedheen amana. Agareetu nama amansiisa.

Amma dhimma imala keennaatti haadeebinu. Bakka dhaabanne kana leencaafi jawween naannawa san akka jiru dubbatama. Keessa beektota nuwaliin jiraniin. Yaaddoo kan nutti ta’e garuu sodaa kanaa ol hawaasa hamilee dhufaatii keenna eeggataa jiran. Kanaaf hawaasa dafnee malanne.

Konkolaataan lammaaffaa keenna dhoqqee san dandamatee baye meeshaa haga danda’e konkolaataa kaan irraa itti dabalamee fuudhee akka deemu deedeebi’ee ammoo meeshaa hafe akka kaasu namni muraasni dursee deemee hawaasichaaf akka raabsu taasisuu murteessine.

Meeshaa baanne haga tokko duratti siiysinee tooftaa yaanne kana raawwanne. Konkolaataan qindeessaa dhaabbatichaafi ittaanaa waajjira barnootaafaa fuudhee deemsaaf ka’e. Nuti warri hafne yaadannoo qabachuu jalqabne waan nu mudate. Bakka kana walqunnamtiin tokko jiru.

Konkolaataan deeme duratti siqee dhoqqeen qabee haadhaabatu; haa imalaa jiruu wanni ittiin beeynu tokko hinjiru. Eeguu qofa, Rabbiin kadhataa. Haala kanaan osoo jirruu sa’aatiin fagaate konkolaataan deeme deebiin ture. Naannawa san hawaasni jiru addaan faca’ee waan jiraatuuf nama arganii odeeffannoo gaafachuun rakkoo guddaadha.

Akka tasaa maanguddoon dhufan tokko waan yaaddessaa tokko nutti himan. Fuuldura keessan dhoqqee hamaatu jiraatii hindeeminaa nuun jedhan. Nuhi duraanuu bakka jirrutti dhaabateen, waan deemaa jirru itti fakkaatee. Yeroo kana rifanne konkolaataan deeme qabame hafe jennee murteessine. Wanni goonu hinjiru durattillee duubatillee maquun hindandeennu eeguu qofa. Odeeffannnoo karaan itti argannu hinjiru. Sa’aatii lamaa ol bakka kana turre.

Bulle jennee yaadne. Waan biraa hawaasa addaan faffagaatee jiraatu kana biraa argachuun rakkisaa waan ta’uuf yoo re’ee qalannee nyaannu arganneef mari’achuu jalqabne. Of qopheessuun gaariidha rakkooma kam keessattuu. Akka tasaa namoonni achi turreefi lakkoofsaan afur taanu marti keenna sooma Ramadaanaa qabna. Yeroof nyaataaf hinrakkanne wanni ittiin faxarrutu rakkoo ta’ee eegama malee.

Dubbii kan nutti hammeesse maanguddicha daandii badaa keessaa bayuu hindandeettan nuun jedhani. Rafuuf fuullee taa’uunillee namatti hin tolu boofti jawween naannawa san jiraan gurra nuu buutee jirti. Hanga dandeenneen akko komeeditaan taanee walbuhaarsuu yaallee jirra.

Namni waliin turre tokko barsiisaa Seeyfuun nama akkaan tapha beeku waa heddu nutti himee hamma tokko yaadoma keessaa taanee ima buhaara.

Nabirallee hamma tokko wanni ogummaa jirti. Akkanuma akkana jedhaa osoo yaadaan jirruu sagalee tokko dhageenne. Sagalee konkolaataa seenee garuu sagalee mootar saaykiliiti. Sun daandiitti osoo hin bayin deemte sagalee qofaan. Eeguu qofa ammallee.

Turtii daqiiqaawwan muraasaa booda doqdoqqeewwan sadii walduraa duubaan kallattii daandii nuti silaa itti imallurraa dhufan. Ammallee gammadnee kaanee, garuu konkolaataan hinjiru. Ta’ullee akka reefuu hin rifanne irra hafne aaga arguu toltuu dhagayuuf deemna. Motoronni kunniin achuma bakka nu imala keennaan haqabuuf manaa baanee ganda buqqaatootaatii dhufan. Yoo xiqqaate odeeffannoo arganna jennee yaadna. Konkolaataan keenna eegaa turre ammallee himuldhatu.

Dargaggoonni mootaroota sadiin dhufan maal nutti himu laata jenneen cinqaani eegganne. Gaariif bayanii aarii! Aariin hafee milkaaye gaariin nutti himame. Konkolaataan imale bu’aa bayii heddu argullee nagayaan dhoqqee dandamatee bakka buufataa meeshaa fuudhe geessuun hawaasa naannawichaatiif gumaachamuun nutti himame.Gammanne.

“Meeshaaleen hafan hoo?” jennee gaafanne mootora dargaggootaatiin akka fe’amuuf dhufan nutti himan kunillee gammachuu lamuuti. Wanni baaneef fiixa waan baheef. Konkolaataa dhaabate malee hawaassa bira geennee jirra. Konkolaataan keennas duubaan dhufaa akka jiru nutti himan. Turtii xiqqoo booda mirkaneeffanne. Yaada jalqaba karoorfanne konkolaatichi deddeebi’ee meeshaa akka fuudhu kan jedhu ture.

Amma garuu yaada kana jijjiirre. Rakkoo daandichaa irraa kan ka’e akka hin danda’amne murteessanii dhufan. Nullee kanuma yaadaa eegne. Konkolaataa keenna dhaabate amaanaa nurraa fuudhanii, akka nuu eegan waadaa galanii, namoota lama poolisii tokkoofi hidhataan tokko ramadaman amaanaa dhaabbaticha irraa fudhatan. Kunnillee gammachuu biraati.

Akka tasaa bulchaan gandaa naannawasanii konkolaataan dhoqqeen qabamuu dhagayuun dursanii dhufanii jiru mootora biraatiin. Ummataaf baatan abshir nuun jedhanii nu abdachiisan. Galata qabu.

Wanni gaariin tokko achitti dhagaye biraa hawaasni naannawa sanii horsiisee buluun ala galii addaa ittiin jiraachuu qabaatuu baatullee dureessa qalbii ta’uu hubadhe haasawa keessa. Konkolaata mitii, tasa meeshaa xiqqoollee maaliif hintaane yoo namni tokko naannawaa sanitti waa gatee ykn buusee namni tokko kan fudhatu akka hin jirre, hanga abbaan itti argamutti akka amaanaan kaayamu hubadhe. Durummaan qalbii akkana! Barbaadanii haqa abbaaf galchu.

Dubbiitu jidduun nama fudhataa, gara biraa seene haala meeshaan itti ka’u itti geeffamu erga walii gallee sirna itti godhannee, amaanaa dhaamanne ufirra deebine. Daandii jalqaba bakka sanitti rakkoo guddaa itti agarre irraa eenyu haawaasa naannawichaatiin gorree ganda-ganda keessa daandii haa jennuunii xurree deemsa dheeraa booda daandii jalqaba ittiin dhufnetti deebine.

Garuu daandii bakka jalqaba ganama dhoqqeen itti qabamnetti deebi’uun keenna dirqama ammallee akkuma ganna wayta dhufnuu konkolaataa dhiibaaaf harkisatti deebine. Milkoofnee baanee gara bakka kaaneetti magaalaa Dallootti Mannaatti deebine. Nagayaan galle.

Walumaagalatti gaariif bayanii, aarii yoo arganillee dhamaaf dhamaan milkiin hinoolu. Milkoofne. Konkolaataan keenna dhoqqeen qabamellee oolee bulee baasii hinmallee yoo itti bayellee bayeera. Iji toltuu hagartu, gurri aaga haa dhagayu!

Page 15: barbaadduu? Warshaan Daabboo Shaggar WaxabajjiirraaAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 22 Bara 2012 15

enniti. Kunis tarkaanfii hatattamaa fudhachuuf faayidaa guddaa qaba jechuudha. Odeeffannoo sana haala namaa galuun jijjiiree tarkaanfii kan fudhatu ammoo nama.

Saatelaayitittiin magaalota ammayyeessuu keessattis gumaachaa olaanaa qabdi. Fakkeenyaaf Finfinnee keessa seermaleessumaa guddaatu jira. Lafa duwwaa turerratti ijaarsi seeraan alaa oggaa raawwatammu ni mul’ata.

Yeroon kana to’achuun itti dadhabame ni jira. Waa’ee lafa seeraan ala qabamee ijaarsi irratti adeemsifamee sirriitti addaan baastee namatti himuu dandeessi. Kanaaf faayidaan saatalaayitittii danuudha jechuudha. Odeeffannoo ishee biraa argamu ummata biraan gahuuf hojjetaa jirra.

Bariisaa: Albuuda ykn bishaan barbaachaaf jecha tilmaamaan lafa qotuun saatelaayitiin kanaan hafe jechuudhaa?

Diinaa’ol: Sirriitti malee. Eeruu saatelaayitittiin kennituun bakkuma albuudni jirutu qotama.

Bariisaa: Wiirtuun odeeffannoo Inxooxxootti argamuufi saatelaayitittiin maaliin walqunnamu?

Diinaa’ol: Inni Inxooxxoo jiru giraawundi kontirool isteeshii jedhama. Dameewwan lama qaba. Inni tokkoffaan sirna to’annoo kan saatelaayitittii ittiin to’annuudha. Lammaffaan sirna appilikeeshiniiti. Waan saatelaayitiirraa dhufe kan ittiin jijjiirree hawaasaaf ittiin dhiyeessinuudha. Dura waa ishiirraa fudhachuuf to’achuu qabna.

Kanaaf ammoo sirna to’annoo qabna. Isa booda waan ishii biraa dhufu jijjiirree haala hawaasaaf galutti dhiyeessina. Kanaaf ammoo ‘ground application system’ qabna. Saatalaayitittiin waan argatte suuraa kaasti. Hojiinshii guddaanis kana. Ishee biraa daataa dheedhiitu dhufa. Daataa dheedhii kana saayintistoonni akka namaa galutti balballoomsanii qindeessanii dhiyeessu.

Karaa anteenaati kan saatalaayitittii qunnamuu dandeenyu. Anteenichi odeeffannoo siginaaliidhaan dhufu sana fudhatee ittiin erga. Suurri kan dhufu bifa siginaaliitiini. Firiiquwansiin raadiyoo siginaaliidhaani.

Bariisaa: Saatalaayitiin Itoophiyaa waa nuu ergaa jirtii?

Diinaa’ol: Sirriitti ergaa jirti. Ittis fayyadamaa jirra. Kan na ajaa’ibe faayidaa ishiirraa argamu sirriitti baasnee hawaasa

biraan gahuun akkuma jirutti ta’ee anaan kan na ajaa’ibu rakkoon tokko mudate jiraachuu dhabuusaati.

Waa’een saatalaayitii kanaa jalqabumarraa eegalee milkaa’aadha. Suura nuu ergitee irraa fudhataa jirra. Fakkeenyaaf kan hidha guddichaa nuu ergiteetti. Suura magaalota Asoosaafi Gaambeellaa nuu ergiteetti.

Ani waanin barbaadu nan ajajaa isheen suura kaaftee naa ergiti. Waan barbaadnu guyyaa tokko karoorfannee erginaaf. Hojmaannishii hundi awutoomeeshinii waan ta’eef salphaadha. Saatelaayitiin hawaa keessatti bakka qubattu qabdi. Orbiitiin qophaa’eef jira. Isarra balaliiti. Dacheerraa kiiloo meetira 700 naannofti.

Bariisaa: Saatalaayitiin kun akkuma raadiyasii Itoophiyaa keessaa hinbaanetti dizaayin ta’e moo?

Diinaa’ol: Eeyyee. Garuu addunyaarra naannofti. Oggaa Itoophiyaarra geessu ajajni ol ergamaaf. Isheenis waan ajajamte hojjetti. Kan biyya biraa fudhachuu dandeenya. Garuu waliigaltee biyyootaa gaafata. Iccitii biyyootaa beekuuf saatalaayitittiidhaan galuun ni danda’ama. Garuu daataan sun bahee miidhaa wayii qaqqabsiisnaan gaafatamuun jira. Kanaaf waliigalteen jiraachuu qaba. Saatalaayitiin Itoophiyaa kun addunyaarra waan naannoftuuf eessaayyu suura fudhattee erguu dandeessi.

Bariisaa: Kan biyya biraa jalaa fashalaa’aa ture kan keenya akkamiin haaluma tokkoon milkaa’uu danda’e?

Diinaa’ol: Asirratti kan si ajaa’ibu jalqaba pirojektichaarraa kaasee hanga dhumaatti gaheen Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad daran olaanaadha. Pirojektichi mallattoosaaniitiin eegalame. Gaheen hojjettoonniifi anga’oonni jiddula qorannoo hawaa Itoophiyaas olaanaadha. Tattaaffiifi hordoffiin taasifamaa ture walitti ida’ameet milkaa’ina kana argamsiise.

Biyyoonni danuun haala kanaan hinmilkaa’an. Fakkeenyaaf Naayijeeriyaan saatalaayitiishii Chaayinaa wajjin hojjettee ergite qunnamtii gaariin waan hinturreef jalaa kufe. Waan waliigalteen jiruuf garuu bakka buusanii saatalaayitii biraa furguggeessan.

Bariisaa: Saatelaayitiin tun yeroo hammamiitiif hawaarra turti?

Diinaa’ol: Waggoota sadii hanga shaniitti turti. Oggaa yeroo turtiishii fixxu ol dhiibamti. Bakkashii sanarraas bu’uu qabdi. Sababiinsaas inni hojjetu bakkashii

bu’uu waan qabuuf. Malee harksini (giraaviitiin) waan jiruuf gadi dhufuu hindandeessu. Ajaja asii kennamuun bakka turtee akka baatu taasifama. Oggaa dizaayin ta’u waggoota sadiif akka turtuufi.

Bariisaa: Umrii kee kanatti pirojektoota biroo bocce dhiyeessuuf karoora qabdaa?

Diinaa’ol: Eeyyee sirriittin qaba. Keessumaa gama qorannoo hawaatiin biyyoonni guddatan kanneen akka Ameerikaa faayidaasaa sirriitti gadi fidanii ummata biraan gahanii qorannoo danuu geggeessaa jiru. Itoophiyaa dabalatee ardii Afrikaa fudhattee yoo ilaalte carraa hojii argachuun daran dhiphaadha.

Pirogiraamiin hawaa kun ammoo Itoophiyaa keessatti ganaadha hafa. Waanti hojjetame hinjiru. Waan saatelaayitiin tokko egamteef hojjedheera jechuun hindanda’amu. Gama kanaan sirriitti hojjetamuu qaba. Anis qorannoo geggeessaan jira. keessumaa saatelaayitii xiqqoo omishuun hindanda’amu.

Dargaggoo Oromoo sadarkaalee barnootaa gara gadii jiran jajjabeessaa teknolojiitti akka madaqan gochuun barbaada. Saatalaayitiin ani amma hojjetaa jiru kan amma qaruuraa kookaa kollaa geessuudha.

Kan bal’isee dargaggoota biyyattii barsiisuu keessatti gara fuulduraattis kaampaanii xiqqoo banee gama teknolojii hawaa kana haala nama tokkoofillee ta’u carraa hojii banuun danda’amuttin hojjechaa jira.

Namoota sadii taanee kaampaanii Afrikaan eeroonootiksiifi astironotiksi seentar jedhamu banneerra. Hayyamas mootummaarraa fudhanneerra. Tekonlojii hawaa qoratus hojjetaa jirra. Nuti waan xiqqoo xiqqoo hojjennaa isa gabaatti baasnee ofii fayyadamnee biyyas ta’e lammii fayyaduuf tattaafataa jirra. Barumsa koo ittifufuufis fedhiin qaba.

Bariisaa: Dhaabbileen addaddaa saatelaayitii dhuunfaasaaniitti furguggisuu danda’uu? Fakkeenyaaf Yunivarsitiin Adaamaa qophii taasisaa tureerraatii.

Diinaa’ol: Eeyyee, ni danda’ama. Anis qophii yunirsitichaa quba qaba. Hojiin isaan eegalan gaariidha. Garuu sadarkaa furguggisuurra hingeenye. Asuma Itoophiyaarraa furguggisuunuu ni danda’ama. Garuu gaaffiin ka’u jira. Kan yeroo darbe Itoophiyaan furguggifte kan Chaayinaati malee attamitti kan Itoophiyaa ta’a jedhamaas ture.

Gaaffichi waanuma ka’uu maluudha. Garuu ammoo maaliif akka ta’e beekuu barbaachisa. Akkuma beekamu Itoophiyaan rakkoo guddaa qabdi; rakkoo hawaasummaa, dinadgeefi siyaasaa.

Kanaaf saatalaayitii tokko gara hawaatti furguggisuuf faasilitii ittiin furguggisan barbaachisa; fakkeenyaaf rokkeettii. Rokeettii kana asitti warshaaluun invastimantii guddaa gaafata. Itoophiyaan otoo rakkoolee irranatti tarreessine keessa jirtuu rokeettii ijaaruu hindandeessu. Ameerikaanuu kan furguggeessitu Chaayinaa ykn Indiyaa deemteeti.

Hojichi humna maallaqaa qofa otoo hintaane haala teessuma lafaallee ni gaafata. Haalli teessuma Itoophiyaa saatalaayitii furguggeessuuf daran mijaataadha. Itoophiyaan naannawa mudhii lafaatti waan argamtuuf saatalaayitiin asi furguggifamtu kallattumaan orbiitiishiirra (bakka dizaayin ta’eefirra) quphanti.

Sababuma humnaatiini Itoophiyaan saatalaayitishii Chaayinaarraa gara Hawaatti kan ergite. Itoophiyaan gara fuulduraatti asumaa furguggisuun akka danda’amuuf injiinaroonni hojjetaa jiru.

Bariisaa: Gama teknolojii kanaan dhiyeenyatti waanti sirraa’u jiraa?

Diinaa’ol: Eeyyee, jira. Jiddugalli qorannoo hawaa kun saatalaayitoota lama milkeessuuf hojjetaa jira. Inni tokko saatelaayitii kominikeeshiniidha. Lammaffaan ammoo hojii saatelaayitii asumatti warshaaluuti. ‘AIT (Sattalite Assembling Integeration and testing’) jedhamu. As keessatti gaheen koo saatalaayitii kominikeeshiniirratti waanin baradheen pirojekticharratti hirmaadhee faayidaa barbaadamu argamsiisuudha. Kunis waggaa sadii hanga afurii jidduutti kan dhugoomuudha. Kun pirojektii mootummaatiin kan hojjetamuudha. Kan dhuunfaa koos waantin hojjetaa jiru jira; kan waggaa lama keessatti ifa ta’u.

Bariisaa: Hanqina ogummaa dabalatee damee kana keessatti waanti akka rakkinaatti eeramu yoo jiraate? Diinaa’ol: Ogeessonni damee kana keessa jiran daran muraasa. Sababuma kanaan ani fakkeenyaaf sa’aatii 24:00n hojjetaa jira. Dameen qorannoo kun faayidaa olaanaa qabu kana Itoophiyaan biyya biraatii sharafa guddaadhaan kireeffattee itti fayyadamaa jirti. Kanaaf dargaggoonni keenya otoo hinsodaatiin barnoota kanarratti hirmaachuu qabu. Isaanis gara qorannoo kanatti otoo dhufanii daran fayyadamoo ta’uu danda’u.

“Qorataafi to’ataa saatalaayitii Itoophiyaa...

kanneen biroonis warshaalamaa jiraachuu beeksisaniiru.Akka ibsasaaniitti kanaan dura tiraakteroonni qonnaa 417 qonnaan bultootaaf kan raabsaman yoo ta’u, yeroo ammaattis tiraaktaroonni 2000 ol warshaalamaa akka jiran ibsaniiru.Tiraaktaroonni kunneen qonna ammayyaa si’eessuu cinaatti rakkoo hojidhabddummaa dargaggoota dhaabbilee barnootaa adda addaarraa eebbifamanii taa’aa jiraniis furuu Hoogganichi dubbataniiru.

“Warraaqsi dinagdeeFayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneessuun dinagdee biyyaa fooyyessuu jechuudha kan jedhan Obbo Dhaabaan hojjetoonni damichaa gadi bu’anii tumsaa fi deeggarsa barbaachisaa taasisaa jiraachuu kaasaniiru.Qonnana bulaan keenya nama olola feesbuukiin isaan burjaajessu osoo hintaane hayyuu jireenyasaanii jijjiiruufii barbaadu kan jedhan Hoogganichi sanyiiwwan midhaanii guyyoota 90 keessatti gahan hayyotaan qoratamee raabsamuu ibsaniiru.

Hayyonni kun barumsaaf muuxannoosaaniitti fayyadamuun qonnaan bulaasaanii deeggaraa jiru kan jedhan Obbo Dhaabaan warreen akkasii jajjabeeffamuu malan ta’uu kaasaniiru.Tatamsa’ina awwaannisaa fi vaayirasii koronaan walqabatee callaan akka gadi hin buunee fi fayyaan lammiilee keenyaa yaaddoo keessa akka hin galle hordoffii fi to’annaan hojjetoota damichaan gaggeeffamaa jiras jedhaniiru.Dhiyeessiileen csanyii filatamaa,calla guddistuu,farra aramaa hanqina akka

hin godhanneefis gadi fageenyaan irratti hojjetamuusaa hubachiisaniiru.Daldaltoonni dhimma kana keessa harka galfachuun qonnaan bulaa baasii hin malleef saaxilan yoo argamanis tarkaanfiin barsiisaa akka fudhatamuuf kallattiin taa’uu himaniiru.Rakkoo walitti hidhaminsa gabaan walqabatee qonnaan bulaa hubaa ture furuufis giddu galli gabaa oomishaaleen itti gurguraman Finfinnee dabalatee Oromiyaa mara keessatti babal’ataa akka jiranis ibsaniiru.

Page 16: barbaadduu? Warshaan Daabboo Shaggar WaxabajjiirraaAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 22 Bara 2012

SEENAAObbo Alamaayyoo HaayileeHayyuu Seenaa yoo ta’an wayita amma Gidduugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

16

Orom Duroofi Gabaroo kan jedhaman garuu irra caalaa Oromoo heeraan malee Seeraan yookaan murtii hin feenu jedhanii mormaa turan kan ibsudha jedhu. Saglan Booranaa boodas maqaa Oromoon Maccaafi Tuulamaa ittiin beekamu ta’e. Milkaa’ina sochii Oromoo (1522-1618) barreessitoonni tokko tokko dandeettii guddifachaafi moggaasaati jedhu. Mahammad Hassan akka ibsetti, jaarraa 17fa keessa walakkaan Itoophiyaa gara Kibbaa Oromootiin jijjiirameera.

Jijjiiramni kunis karaa caasaa bulchiinsaa, hariiroo sirnoota bulchiinsaafi hariiroo Oromoon ummattoota biroo waliin qabudha. Garuu dandeettiin humna waraanaafi bakki itti Oromoon babal’ate duraanuu sabni Oromoo Orom Duroo akka ture dagataniiru. Oromoon nageenya mirkaneeffachuuf tooftaa addda addaa fayyadameeera. Tooftaawwan kanneen keessaa inni guddaan walitti dhufeenya hawaasaa cimsuudha.

Kanaaf immoo Moggaasaafi Guddifachaa Sirna Gadaa keessatti hammachuun dhimma itti ba’aniiru. Haalli kun immoo gosa Oromoo ala kan ta’an waliin hariiroo nageenya qabu akka uuman isaan taasiseera. Qorattoonni sirna moggaasaafi Oroomsuu kunis booda keessa Oromoo Maccaa keessatti bu’uura uumama garaagarummaa hawaasummaa akka uume ibsu. Asirratti kan hubatamuu qabu Oromoon jaarraa 16fa dura irraa eegalee aadaa ittiin orma simatu, simatees walqixxummaan waliin jiraatu qabaachuusaati.

Aadaa guddifachaafi moggaasaa yeroo sanatti Oroomsuuf tooftaa addaa haa ta’an malee har’a sadarkaa addunyaa irratti maloota mirgoonni namummaa ittiin kabajamanidha. Kunis bu’aa Oromooti yoo jechuu dadhabnellee Oromoon jaarraa hedduu dura mirga namummaa bulchiinsa ofii keessatti hojiirra oolchuu isaa ibsuu hindadhabnu.

Seenaan walitti dhufeenya Oromoofi saboota Afrikaa Bahaa bifa kan biroo yoo ilaalamus walitti bui’insa bifa garaagaraati. Walitti dhufeenyi hawaasaa kamiyyuu seenaa wolmorkii qabeenyaa, olaantummaa hawaasummaafi siyaasaatiin calaqqisa. Humni ummattoota walitti buusu inni guddaan fedhii olaantummaa qabaachuu yoo ta’u, gareen tokko yoo weerara kaase gareen kan biroon immoo qabsoo diddaa gabrummaa gaggeessa.

Kallattii biraatiin yoo ilaalamus seenaa qubsumaafi walitti dhufeenya saboota Afrikaa Bahaa keessattis qabeenya uumamaa kan akka lafaafi bishaanii iddoo olaanaa qaba. Hundeeffamniifi sochiin konfedereeshinii Booranaafi Bareentuu jaarraa 16fas bu’aa hariiroo saboota

Afrikaa Bahaa ta’uun isaa nama hin shakkisiisu. Jaarraa 16fa dura waggoota dheeraaf waldorgommiin giddugaleessa Itoophiyaa qabachuu mootummoota Kiristaanaa, Islaamaafi Kuushota gidduu akka ture seenaan ragaa baha.

Amaloota humnoota yeroo sanatti waldorgomaa turan keessaa tokko teessoo bulchiinsaa dhaabbataa dhabuu ture. Teessoon bulchiinsaa yeroo yerootti sababa walitti bu’insaan jijjiiramaa ture. Hundeeffamni wiirtuu Gadaa Madda Walaabuufi haaromsi Sirna Gadaa jaarraa 15fa bu’aa walitti bu’insa yeroo dheeraa Oromoon humnoota Kaaba Baha Afrikaatti walmorkataniiti. Kanaafuu, konfedereeshiniin Booranaafi Bareentuu Gadaa kan haaromsatan dhiibbaa gama kamiinuu irratti gaggeessamaa ture ofirraa ittisuuf ture.

1.4 Walitti Bu’insaafi Qabsoo Oromoo Jaarraa16fa

Akkuma kutaa olaanu keessatti ibsuuf yaalle waraanni Giraanyis ta’e sochiin konfedereesii Booranaafi Bareentuu bu’aa walitti dhufeenya hariiroo ummattoota Afrikaa Bahaa keessatti fedhii olaantummaa qabaachuuti. Walitti bu’insi Oromoofi bulchiinsi sanyii Salamoonawaa jedhus baruma hundeeffama bulchiinsa gonfoo sana ta’uu akka hinoolle ragaalee tokko tokkorraa hubachuun ni danda’ama.

Sababni isaas imaammanni mootummaan Kiristaanaa gurguddoon sadan isaanis hortee Kuush kan akka Agawu, Beejjaa, Oromoofi kan biroo aangoo dhabsiisuu, daangaa babal’ifannaafi Amantii Kiristaanaa babal’isuun imaammata faallaa fedhii Oromooti. Beejjaan fincilee kufaatii Mootummaa Aksumiif sababa waan tureef akka diina mootummaa Kiristaanaatti ilaalama.

Agawu immoo kufaatii Aksum booda aangoo safuu dhaala aangoo cabsee fudhate waan ta’eef akka diinaatti ilaalame. Humnoonni gara Kibbaa yookaan giddugaleessa Itoophiyaa har’aa turan keessattuu biyya Mootittii Guddittii jedhamee shakkamu barbadaa’uu Aksumiif sababa waan tureef humna hatattamaan to’annoo isaanii jala ooluu qabu ta’uusaa beekamaadha. Karaa Bahaa immoo xiyyeeffannoon mootummaa Kirstaanaa mootummaa Islaamaa barbadeessuufi hariiroo biyya alaaf hulaa argachuu ture.

Akka dokumentiin Kibre Nagast ibsutti, mootummaa Abisiiniyaa kan aangoo dhaaluu danda’u nama sanyii Mootii Jiwuush Salamoon qabu qofa. Kanaafis Mootonni Abisiiniyaa “Nuti mootii Mootota Itoophiyaati” ofiin jedhu. Akka aadaa sanaatti mootiin tokkuma.

Maddaafi Qubsuma OromooInnis Mootii Mootota Itoophiyaa (biyya gurraachotaa daangaan isaa bal’aa ta’eefi biyya Misiraa hanga Galaana Hindiitti bal’atudha.) Sababa mootummaan Abisiiniyaa eenyummaa ergifatee saboota humnaan qabaterratti fe’uuf mootummaa ijaaramu keessatti imaammata kana kan simatu hin turre.

Kanaaf egaa Oromoon waraana daangaafi amantii babal’ifannaa irraa kan ka’e wiirtuu bulchiinsa Gadaa giddugaleessa Itoophiyaarraa suuta suutaan gara Madda Walaabuutti kan jijjiirratan. Akka ragaan seenaa ibsutti, jaarraa 13fa keessa bara 1215-1312tti Abuna Takla Haymaanot Yaayyaafi Galaan irratti duula amantii babal’isuun akka milkaa’e himama.Yeroo sanatti Yaayyaafi Galaan ayyaana Qorkee jedhamuuf muka jalatti akka faarsatan ibseera.

Qorkee jechuun maqaa ayyaana mukaa gurguddaa, tulluuwwaniifi lageen keessa qubata jedhamee amanamudha. Akka ragaa kanaatti, gara Lixaafi Bahaatti ummata aadaa walfakkaatu akka isaan mudate warri amantii babal’isaa turan ibsaniiru.Yeroo sanatti egaa Oromoon Yaayyaafi Galaan kun Odaa Nabee akka wiirtuu Gadaatti tajaajilamuun isaanii akka hinoolle shakkama.

Wanti asirrati dagatamu hin qabne Abbaa Takleen utuu hindhaltin duran naannoo Kaaba shawaa yeroo ammaa salaale jedhamu kana mootummaan Daamoot akka tureefi Abba Libaanoosee nama Horaa jedhamuun achii akka ari’aman qorannoo seenaa Oromoo jaarraa 16fa keessati ifa ta’eera. Akka Baahireen barreessetti, Galaan akka gosa hangaftuutti ilaalama; Sirna Gadaafi amantii Oromoo keessatti iddoo olaanaa qaba.

Yaayyaanis Oboo ta’e akkasuma Salaaleefi Oromoo karrayyuu keessatti gosa beekamaadha. Kanaaf Galaaniifi Yaayyaan gosoota Oromoo yeroo sanattis ta’e amma giddugaleessa Itoophiyaa har’aa keessa jireenya dhaabbataa qonnaan bulaanfi horsiisee bulaa ta’e jiru Oromoon jaarraa 16fa akka biyya kana seenee barsiisa. Kan biraa yeroodhuma kana sochii amantaa kiristaanaa lallabu kan morman gaggeessan seera gadaa Abbaan Muudaa waan isaan rakkiseef tarkaanfiin irratti fudhatame.

Dhiibbaa kanarraa kan ka’e Abbaan Muudaa Odituu kan warra Marii Galaan akka ajjeefameedha, Sana boodas wiirtuun Gadaa Odaa Roobaa tilmaamaan bara 1316 akka hundeeffame himama. Dhiibbaan kallattii lamaan mootummaa Kiristaanaafi Islaamaa irraan gahe Oromoon wiirtuu Gadaa Odaa Nabee irraa gara Odaa Roobaa darbees waggoota dhibba boodas rakkinuma walfakkaatuun gara Madda Walaabuutti akka jijjiirratu dirqisiiseera.

Akka Christophor Ehret,jaarraa 13fa n yeroo raakama siyaasaafi itti walmorkiin aangoo gidduugaleessa Itoophiyaatti keessattuu Kaaba sulula Awaashitti garee sadii gidduutti cimedha.Walmorkiin kunis irra caalaa daangaa babal’fachuufi daandii daldalaa to’achuu ture. Akka Nagaasoon eeretti, dhiibbaan kun bara bulchiinsa Amdatsiyoon cimeera. Innis seenaa yeroo sanaa akkasitti ibseera.

The religio-political center of the Oromo during the reign of Amdetsion (1314-1344) is given as Katata. It was then transferred to Dawwaro during the same period; from Dawwaro the center moved to Odaa Nabee and remained there for a longer time.

Dawwaaroon Kaaba Baha Shawaa akka ta’eefi biyya gosa Oromoo Laaloo ta’uun beekama. Taaddasee Taammiraat seenaa waraana mootummaa Kiristaanaafi Ifaat gidduu jaarraa 14fa keessa ture yeroo ibsu yaada armaan gadii kaa’eera. “In the Adaal region, the hot lowland plains were largely inhabited, it appears, by-the eastern Kushitic group of people represented today by the Soho, Afar, Somali, and {Oromo}.”

Kunis Kaaba Baha Shawaatii eegalee sululli Awaash biyya hortee Kuush isaanis Sahoo, Affaar, Somaaleefi Oromooti jechuu isaati. Sababa waraanni hammaateef mootich Ifaat Haqaddiin II (I363/4-I373/4) teessoo bulchiinsaa Ifaat irraa gara Kibba Bahaa Wahalitti akka jijjiire Taaddaseen dabalataan ibseera. Haaluma walfakkaatuun Nagaasoon qorannoo isaa keessatti dhiibbaan bara bulchiinsa Amdatsiyoon akka wiirtuu Gadaa Oromoo Dawwaaroo irraa gara Kibbaatti jijjiiramu sababa ta’eera.

Sababa kanaanis ijoolleen Laaloo torban wiirtuu Gadaa Kattaafi Dawwaaroo irraa akka buqqisan darbees akka baay’een isaanii booji’aman yookaan godaanan taasisameera. Karaa biraatiin jaarraa 13ffaa keessa mootummaa Kiristaanaa dhiibbaa geessisuu danda’u uumamuun isaa sochii ummataa Bahaa gara Lixaafi kibbaa gara Kaabaa ittisuu danda’eera. Darbees walitti- bu’iinsi Allaabduu (Gujii) loltoota Zaaraa Yaa’iqoob waliin walakkeessa jaarraa 15fakeessa naannoo haroo Laangaanootti taasisan fakkeenya guddaadha.

Egaa jaarraa 15fa keessa sababoonni haaromsa Sirna Gadaafi tokkummaa Oromoo barbaachise dhiibbaa jaarraa hedduuf Oromoo irratti aggaamame ta’uusaati. Kanaaf egaa waraanni qabsoo Madda Walaabuu irraa buttaa buttaan kan gaggeeffame darbees Oromoon mootummaa Habashaa “Sidaama” (diina hamaa) jedhee kan itti moggaase. Kunis saba Sidaamaa otoo hinta’iin waraana waggoota hedduuf isaan falmeedha.

Ittifufa

Kutaa shanaffaa

Page 17: barbaadduu? Warshaan Daabboo Shaggar WaxabajjiirraaAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 22 Bara 2012

YAADA BILISAA17Dachaasaa Roorrootiin

Dachaasaa Roorrootiin

Kamisni dheengaddaa Caamsaa 20. Jaalannus jibbinus Caamsaa 20n guyyaa ayyaana biyyaalessaati;

‘Ethiopian Holly Day’ jechuu kooti. Guyyaan kun bara 1984 eegalee akka guyyaa biyyaalessaatti kabajamaa turee ammas kabajamaa jira. Kaalaandarri biyya kanaas akka guyyaa ayyaanaatti beekamtii kennaafii jira. Ummannis akka kaleessaatti osoo hintaane akka har’aatti kabajee darbeera, yaadannoo gaariinis hamaadhanis.

Kabajni Caamsaa-20 waggoota lamaan darbanii as qabbanaa’aa dhufeera. Ibsi ejjannoo miidiyaa dhiphisu hinjiru. Kan ADWUI kophaatti baasu; kan ‘TPLF’ ittiin geerartu. Kan DhDUOniifi “ANDM’ ummata ofii ittiin mufachiisanii ‘TPLF’ ittiin gammachiisan. Kana malees sagantaan dookimantarii jala bultiirraa eegalee gurra nama dhukkubsu sun hafeera. Postarriifi igzibishiniin maallaqni guddaan itti dhangala’ee qophaa’uufi raabsamu akkasumas dirqamaan akka daawwatamu taasisamu hinjiru. Dhaamsi ‘baga ittiin isin gahee’ dhaabbileen adda addaa jalatanis ta’ee dirqisiifamanii raadiyooniifi Tviin ykn gaazexaatti maxxansanis dabarsan amma hindhagahamu. Nyaachisni baajeta guddaan sadarkaa biyyaalessaa irraa eegalee hanga gandaatti qopha’ee maallaqni ummataa itti qisaasamus dhaabbateera. Deeggarsiifi ‘baga ittiin isin gaheen’ mootumootaafi paartilee ‘obboleeyyan’ irraa darbus dhaga’uu dhiisneerra. Tarii Caamsaa 20 akkuma ayyaanota baroota mootummoota darbanii mankuusaatti galuufii laata?

Itoophiyaan yeroo ammaa guyyaa ayyaana kaalaandaraa kan bara tokko keessatti kabajamu 13 qabdi. Guyyootni ayyaanaa kunniin bakka sadiitti qoodamuu malu. Tokko ayyaana amantiiti. Ayyaanota kudha lamaan keessaa torba kan amantii wajjin walqabataniidha; torban keessaa shan( Dilbata Faasikaa dabalatee) kan kiristaanaati; sadii kan muusiliimaati. Qoodiinsi ayyaana lammaffaa ayyaana ummataa jechuunii ni danda’ama. Isaanis ayyaanni bara haarawa, injifannoo Adwaa, guyyaa goototaa, guyyaa dafqaan bultootaati. Tarii ayyaana bara haarawaa ayyaana kiristaanaa wajjin walqabsiisuun jiraatus ammaaf kanuma ummataati jechuun filadhe. Waan kanaan walqabsiisee barreeffama koon bara haarawaarratti yaada koo ibsuu koo nan yaadadha. Ayyaanni inni sadaffaa guyyaa mootummaati. Innis Caamsaa-20. Waan hintaane afaanii nabaasuuf jecha “Guyyaan ummataafi mootummaa garaa garaa?” jettanii nangaafatina.

Xiyyeeffannaan koo ayyaanota mootummaarratti. Garuu ayyaanota kaanis waliin maqaa dhahuun koo hinoolu. Mee isinin gaafadha. Ayyaanonni kunniin akkamatti gara ayyaana amantaafi ummataatti dhufan?

Itoophiyaa keessatti guyyaan guyyaa biyyaalessaa jedhamee maqaan itti moggaafamee (amantaas haa ta’u waan biraa) yoomii kaasee kabajamuu akka jalqabe ilaaluuf yaaleen ture. Gama kanaan ragaa argachuu hindandeenye. Kan beeku qaawwa kana naaf haa guutu. Haa ta’u malee ayyaanonni amantii kiristaanaa wajjin walqabatan umrii dheeraa qabu. Sababiinsaas amantiin kuniifi mootummaan Abisiiniyaa warra kaabaa walitti hidhamiisa guddaa waan qabaniif. Ayyaanonni kuun garuu dhawaata itti makamaa dhufan.

Bara Mootii Hayilasilaasee keessa (1930-1974 ALG), loogiin amantii biyya kana keessatti ifaan ifatti ture. ‘Inquxaaxaashii’ irraa eegalee guyyoonni amantii kiristaanaa si’oominaan yoo kabajaman guyyoonni hordoftoonni amantii Islaamaa bakka guddaa kennaniif beekamtii akka dorgatamani eenyumtuu ni yaadata. Mawuliid, Ramadaan, Iid al-Adahaan akka yeroo ammaa kana sadarkaa biyyaatti kalaandaraan kabajamaa hin turre. Nugustichi Xoobiyummaa qooqa tokkoo, saba tokkoofi amantii tokkoo sana bakka bu’a ture. Guyyoota amantii Islaamaa kanaaf beekamtii kan yeroo jalqabaatiif kenne mootummaa dargiiti. Waanti ittin abaaramu kan biraa jiraatullee kanaaf kabaja kennuufiin barbaachisaadha.

Mootiin gonfoo sun guyyoota ayyaana mootummaa lama tolfatee ture. Inni tokko gaafa nugustichi itti dhalateedha; Hagayya 16. Inni biraa gaafa inni muudamee gonfoo gombifateedha; Onkoloolessa 23. Guyyaan lamaanuu kan jireenyasaa wajjin walqabatanidha malee hiddi ummata wajjin walitti hidhu hinjiru. Guyyaa itti muudamee Hayilasilaasee duraa (qadaamaawii H/Sillaasee) mootii moototaa Xoobbiyaa jedhame kun warra abbaa irreef, ummata cunqurfamaafi hiika adda addaa qaba.

Isaaniif, muudammni kun nammarraa osoo hintaane Waaqayyorraa kan dhufeedha. Ummannimoo kan miidhaasaa ittiin yaadatuudha. Warri abbaa irree gaafa guyyaa kana kabajan kan ummatatti himan olaantummaasaaniifi sanyiisaaniiti, shuumii Waaqaa ta’uusaaniiti. Nugusti ajaja Waqaayyoon akka dhalate lallabama. Olola kanaan ummati sodaachisama. Akka callisee bitamu, akka mirgootasaatii hinfalmanne taasisame. Akkan anaaf galutti, guyyoonni kunniin meeshaa qor-qalbiin ummataa ittiin cabu jechuudha.

Dargiin waggaa 17f biyya tana bite ykn bulche. Bituunis bulchuunis akkuma muudannoofi muuxxannoo keenyaati hiikama. Asirratti barri hunduu gaariifi yaraa/badaa ofii akka qabu dagachuun hinbarbaachisu. Dargiin yeroo hunda amallisaa du’aaf ajjeechaa waliin walqabata malee gaariinsaa hinka’u. Garuu waan gaarii hinqabu jedhanii goolobuun rakkisaadha. Waan gaariis akka hojjate dagachuun hinbarbaachisu. Karaa kamiinuu haa ta’uu lafa abbaa lafaarraa fuudhee kan qonnaan bulaaf kenne dargiidha. Biyya

kanatti ijoolleen qotee bulaa barachuuf carraa kan argatan bara dargiiti. Hayyootni Oromoo buleeyyin amma arginu kan bara dargii barataniidha. Kanneen biroos ni jiru.

Dargiin akkuma aangootti dhufeen guyyoota nugusti dhaabate sana kaalandararraa haqe. Guyyaasaa gaafa dhalateen ta’uu baatus haala biraatiin moggaafate; Fulbaana-2. Guyyaan Warraaqsi itti dhoohe jedhee moggaase. Fulbaanni-2, akka guyyaa ayyaanaatti bara 1968 irraa eegalee kabajamuu jalqabe; hanga kufaatii mootummaa kanaatti. Guyyaan kun guyyaa nugusti aangoorraa bu’e jedhamullee guyyaa Dargiin qabsoo ummataa butee aangoo itti dhuunfate jechuun ni danda’ama. Dargiin guyyaa dafqaan bultootaa hanga ammaatti kabajamaa jiru fuulduratti fiduudhan beekamtii qaba. Guyyaan hawaasa Musiliimaaf bakka guddaa qaban kaalaandaratti ba’anii akka kabajaman kan taasise mootummaa dargiiti. Kun murtii gaariidha.

Wanti hunduu yeroo qaba; akkuma kabajamuun jiru saaxilamuuniifi salphachuun jira. Nugusichi shira akkamitiin Xaayituufi Zawudituu aangoorraa akka fageesse ni beekama. Dargiin dabareesaa nugusa shuumii Waaqayyoo jedhame sana akka hin yaadamneefi hin eegamnetti aangoorraa buuse. Dargiinis aangorratti hin hafne, wayyaaneen dhuftee arat-kiloo baastee ofii dhuunfatte. Fulbaanni 2, kan haala ajaa’iba ta’een kabajamaa ture sun haqamee Caamsaa 20n bakka buufame. Waggoota 27f Wayyaanee waliin guyyaa kana kabajaa dhufneerra. Eddii jijjiramni fincila qeerroofi qarreen dhufee as, waggoota lamaa as jechuu kooti, maqumaaf kaalaandararra jira malee namni yaadatu hinjiru. Garuu wayyaaneen Maqaleetti qophaashii kabajachaa jirti. Mootummoonni sadeenuu guyyaa isaanii qabu. Kun amala mootummaa abbaa irree keessaa isa tokkoodha.

Guyyaan biyyaalessaafi amantii akkasumas mootummaa biyya keenya qofattii miti kan kabajamu. Biyyoonni addunyaa haala seenaa, siyaasaafi aadaa akkasumas amantiisaanii jiddugala godhachuun guyyaa biyyaalessaa ofii qabu. Kaayyoonsaanii garuu garaa gara. Biyyoonni kuun seenaa, aadaa, hojii gaarii kan waloon qaban dhalootaa dhalootatti dabarsuuf itti gargaaramu. Dhaloonni haaraan dhaloota angafarraa akka baratu taasisu. Mootummoonni kunimmoo aangoo isaanii ittiin tiksuuf itti fayyadamu.

Fakkeenyaaf biyyoonni koloneeffatamaa turan guyyaa walabummaasaanii olkaasanii kabaju. Kuni waan sirriidha. Itti du’aniiti guyyaa kanatti kan dhufan; itti dhiiganiiti bakka sana kan ga’an. Dhaloonni itti aanus kanarraa baratee biyyasaa akka eeggatuuf gargaara. Kan nama ajaa’ibsiisu garuu guyyaa murni tokko murna biraa aangorraa hari’ate kabajuu kana. Kabajamuusaa qofa osoo hintaane haala itti kabajamus waliin ilaaluun gaariidha. Altokko tokko guyyaa

abaarsaa, sodaachisuu, walitti dhaadachuufi of-jajuu fakkaata. Fakeenyaaf mootichi guyyaa itti muudame bal’inaan ittin of-jajaa ture.

Mangistuun Fulbaana-2 guyyaa inni addabaabaayiitti bahee sirna fiiwudaalizimii Hayilasillaasee ittiin abaaraa ooluufi mormitootasaatti dhaadachaa ooluudha. Kan sirna sooshaalizimii ittiin jaju ture. Caamsaa 20s kan Mangistuutiin addaa miti. Wayyaaneen ‘Jagnummaa’ ishii ittiin dhaadachaa baate. Waggaa 27f sirna dargii ittiin abaaraafi himachaa turte. Mormitoota keessattuu dhaabbilee Oromoo akka ABOfaan doorsisaa turte. Hamilee sabboontota Oromoo cabsuuf itti gargaaramte. Abbaa irrummaashii ittiin mul’iste. Ummata hundumaa ittiin mataa gadi qabsiiste. Giyyoonni sadeenuu ummata ofirraa kan fageessanii murna tokko qofa ofitti qabaniidha. Kanaaf akkuma salphaatti kan haqamaniif.

Guyyaan ummataa garuu yeroo hunda jiraata. Guyyaan injifannoo Adwaa kaleessas kabajamaa ture. Har’as ni kabajama. Borus itti fufa. Guyyaan goototaas akkanuma. Guyyoonni amantiilee itti fufu. Maaliif yoo jedhame guyyoonni kunniin mootummoota abbaa irree wajjin osoo hintaane jagnummaa ummata bal’aa wajjin waan walqabataniifi. Tokkummaa ummataatiin kan dhufan waan ta’eefi. Bakka lolaatti dhiiga walootu itti dhangala’e. Adwaan dachiin Tigraayi keessa haa jiraatumalee dhiigaafi lafee sabootaafi sablammoota biyya kanaatu achi jira. Guyyaan goototaas kanumaan walqabata. kanaaf guyyaan Nugusti baqate biyya Ingilizii jiraachaa ture deebi’ee Finfinnee gale hiika hinkennu. Kan kabajamuu qabu guyyoota gootonni Finfinnee galan ta’uu qaba. Kana jechuun warra bosonatti galee Xaaliyaaniin kokkee walqaban kan akka Dajjaazmach Garasuu Dhukii, Balaayi Zallaqaa, Gabramaariyaam Gaariifi gootota isaan fakkaataniif kabaja kennuudha jedhee waanan yaaduufi.

Haalotni guyyoota mootummoota abbootii irree kanneen wajjin walqabatan kan jibisiisaa ta’an jiraatanillee jijjiramoota sirnaa wajjin walqabatee wantoonni gaggaarii ta’an akka jiran dagatamuu hinqabu. Kan sirna dargii xuqee bira tareera. Kan sirna wayyaaneen hoganamu wajjin dhufan wantoonni gaggaariin jiru. Fakeenyaaf, Jijjirama sirna dargiirraa Oromoon bu’aa guddaa argateera. Osoo sirni sun jijjiiramuu baatee yoon qaata lafarraa bade. Afaan Oromoo Afaan hojii, barnootaafi mana murtii ta’uun jijjiirama kana wajjin dhufe. Mootummaan naannoo Oromiyaa kan amma irratti cichaa jirru kunillee kan uumame jijjirama kana wajjin. Dhaloonni qubee kan dhufe sababa kanaani. Kanaaf Jijjirama Caamsaa 20 wajjin dhufe kana gama lamaanuu laaluun gaariidha. Gaariisaas; fokkataasaas.

Koronaarraa of eeguu hindagatinaa!

Torban gaarii!

Onkoloolessa-23, Fulbaana-2fi Caamsaa-20

Page 18: barbaadduu? Warshaan Daabboo Shaggar WaxabajjiirraaAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 22 Bara 2012 18

Fuulli kun walta’iinsa Giddugala qoranoo qonnaa Itoophiyaafi Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiin torban torbaniin kan dhihaatuudha

Wandimmaaganyi Ashabbiriin

Qabeenyi uumamaa maallaqaan kan hin bitamne, bu’uura jireenya namaa kan ta’e kennaa uumaati. Qabeenyi uumamaa kunuunsaafi haala qabiinsaa barbaada. Sadarkaa adduunyaattis ta’e sadarkaa biyyaatti qabeenya kana kunuunsuufi eeguu kaayyoo bu’uuraa kan taasifatan dhaabbileen adda addaafi kutaaleen hojii hedduun jiru. Wiirtuu Qo’annoo Qonnaa Itoophiyaa jelatti kan argaman daarektoreetota 11 gidduudhaa daarektoreenni qo’annoo haala qabiyyee qabeenya uumaa isa tokko yoo ta’u, addadurummaadhaan haala qabiinsaafi qo’annoo qabeenya uumaarratti xiyyeeffachuun hojjeta. Daarekteerri daarektoreetichaa Dr. Tamasgan Dassaalanyi akka dubbatanitti qabeenyi uumaa Qilleensa, Lafa, Bishaan Beeladaafi qabeenya uumamaa biroo kan ofkeessatti hammatu yoo ta’u, daarektoreetichi garuu adda durummaadhaan qonnaa wajjin walitti dhufeenya kan qaban Lafa, Bishaaniifi Eegumsa naannoo irratti hojii qorannoo hojjeta. Daaroktireetichi qabeenya uumamaa keessumaa bishaaniifi biyyoorratti hojiin hojjetamu milkaawaa akka ta’u sagantaa qo’annoo saddeetiin qindaa’eera.

Kanneen keessaa inni tokkoofi inni guddaan sagantaa qorannoo qindaawaafi xaa’oo namtolcheeti. Sagantaan kun addadurummaadhaan qorannoo biyyoo bu’uura kan taasifate hojii qindeessuu xaa’oolee adda addaati. Sagantichi xaa’oo qoteebulaan fayyadamu ilaalchisee

biyyoon biyya keenyaafi haalli teessuma biyyakeenyaa waan adda adda ta’eefi. Biyyoo gosa kamiifi xaa’oon gosti akkamiifi baayyina hammamiin jedhu adda baasuun eksteenshiinii qonnaa naannichaaf yaada gorsaa dhiheessa.

Biyyi keenya xaa’oo kan seensiftu biyya alaatii akka ta’e kan dubbatan daarekteerichi, kanumaan walqabatees humni fudhannaa xaa’oo qoteebulaatis kan wal caalu ta’uusaa mullisu. Akkasaan jedhanitti qoteebulaan muraasni kan humna qabu, kaan ammoo kan humna hinqabne, muraasni isaanii ammoo giddugaleessaarratti kan argamaniidha. Qoteebulaan inni sadarkaa giddugaleessaarratti argamu, “ ani naannoo kootti koompoostiifi waan tortore waanan qabuufi xaa’oo xinnoo qofan itti naqa” yoojedhe xaa’oo lameeniif jechuunis xaa’oo uumaafi namtolcheedhaaf qo’annoon qindaa’inaa hojjetamuu qaba. Bobbaa looniifi kompoostii kan jedhaman qabiyyeen gabbinasaanii gadaanaadha. Waan ta’eefis qoteebulaan xaa’oo alaa galuun bakkabuusuu qaba.

Sagantaan inni lammaffaan ammoo kan uumaa qofarratti kan hojjetuudha. “ ani xaa’oo keemikaalaa hin fayyadamu bobbaa looniifi komppoostii qaba “ qoteebulaan jedhu hojii xaa’oo uumaa gabbisuu hojjeta. Daandiin inni tokko qilleensarraa naayitiroojiinii fudhachuudhaan hiddasaanii jelatti kan naqamaniifi ilbiisota ijaan hin mullanneen gara gabbina ijaan hin mullanneetti jijjiiru fayyadamuudha. Kanneen ofiisaaniitii qilleensa keessaa

fudhatanii jijjiiran baaqelaa, ataraafi gibxoodhaaf akkasumas minaanota callaa kanneen kana fafakkaataniif ammoo hojmaata xaa’oo hagamtu itti namma jedhutu jira. Kun kanta’u xaa’icha sanyii wajjin sukkuumanii wajjin facaasuudhaan fedhiin xaa’oo akka gadibu’u gochuudhaani. Hojiin kun hojjetamee qoteebulaadhaaf saamsaa xiqqoodhaan hanga giraama 500tti raabsama.

Inni sadaffaan sagantaa qo’annoo biyyoo asiidawaati. Haala amma irra jirruun qabeenyi uumaa keenya ummata Itoophiyaa sooruurra taree biyyoota ollaatiif hafuu kan qabu yoo ta’u, ofii keenyayyuu sooruu hin dandeenye. Sababni adda duree dhimma kanaa naannoowwan Baddaafi Lixa Kibba giddugaleessaafi Lixa Kaabaatti rooba sirrii ta’e kan argannu yoota’u, roobichi wantoota gabbatoo naannichaa dhiqee fudhatee deema ykn akka gadi dhidhiman taasisa. Yeroo kanattis biyyichi dhiqamee biyyoo asiidaawaa ta’a. Haala kanaan biyya keenyatti lafa amma qotamu keessaa dhibbantaa 40nni asiidaawaa ta’eera. Rooba ga’aa arganna biyyoon naannoo kanatti argamus gaarii ta’ee, wonni gabbataansaa dhiqamaniifi dhidhimanii waan dhumaniif summaawwaansaa hafee minaanota biqilchuuf rakkoo guddaa uuma. Waan ta’eefis sagantaan qo’annichaa teeknooloojiitti fayyadamuun muuxannoowwan gagaarii biyyoowwan asiidaawaa bakka ballaatti hojjetaman baasuurratti argama.

Inni arfaffaan sagantaa qo’annoo biyyoo

kotichaa yoo ta’u, biyyattii keessa bakkeewwan adda addaatti laftei biyyoon kootichaa gara heektaara miliyoona 12 ta’u ni argama. Biyyoon kootichaa kun naannoo Baddaatti lafa gara hektaara 7.5 irratti argama. Akka barreesitoonni tokko tokko kaa’anitti Itoophiyaan biyyoosii kooticha harka 75 sirriitti fayyadamuu utuu dandeesse ummata amma qabdu walakkaa sooruu dandeessi. Haata’u malee naannoon kun xaa’omaafi bishaan ga’aa ta’e kan qabu yoo ta’u, biyyichi amalasaatiin supheen kan ittibaayyatu waan ta’eefi bishaanis kanciibsu ta’uusaatiin qonnaaf mijaawaa miti. Yeroowwan darban hedduuf furmaata ta’ee hojetamaa kan ture hojii bishaan haftee oyiruukeessatti argamu cuunfuu ture. Hojii cuunfichaa wiirtichiifi daaroktireetichi ofiisaaniitii hojjechuu yoo baatanis dhaabbilee biroo hojii kana hojjetan waliin ta’uudhaan hojjetu. Bishaan cuunfamu qulqullaa’ee bakka biraatti walitti kuufamee minaanota lammaffaafi sadafaaf akkanumas looniif oola. Yeroo dhihoodhaa as hojiin jelqabame ammoo bishaanichi qabeenya uumaa baayyee barbaachisaa ta’e cuunfanii baasuurra hojmaata fooyya’aadhaan achumatti deebi’ee faayidaarra akka oolu akkanumas minaanota lammaffaafi sadaffaaf teeknooloojiin inni itti fayyaduu danda’u ba’ee daaroktereeticha harkatti argama. Torban ittaanu qo’annoo haala qabiinsa qabeenya uumamaa daaroktireetichaan hojjetamuurratti argamu biroofi damee misooma qonnaatiin jijjiirama isaan fidan fudhannee dhihaanna. Ammasitti nagaan nuutura.

Qo’annoo haala qabiinsa qabeenya uumamaa, Oomishtummaa fooyya’aadhaaf

hordoffii, to’annoofi tarkaanfii barbaachisu fudhatanii sirreessaa hinjira.

Rakkoolee gabaasa odiitii bara 2011 adda ba’an keessaas hanga ammaatti kan furaman %30 kan hincaalle ta’uudha Manni Hojii Odiitara Muummichaa Oromiyaa kan ibse.

Odiitarri ittaanaa mana hojichaa, Obbo Amantee Machaaluu ibsa kaleessa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, manni hojichaa tajaajila odiitii akaakuuwwan afur (odiitiiwwan faayinaansii, raawwii, naannawaafi maltee ykn addaa) geggeessa.

Odiitiin faayinaansii bajanniifi qabeenyi mootummaa labsii, danbii, qajeelfamaafi hojmaata diriire eegee manneen hojii mootummaa keessatti hojiirra ooluufi dhabuu mirkaneessuun qaamoleen dhimmichi ilaallatu rakkoolee mul’atan beekanii to’achuufi hordofuun akka barbaachisu himu.

Odiitii Faayinaasiin walqabatee keessumaa bittaafi caalbaasiirratti hanqinaalee hedduutu mul’atu. Manneen hojii mootummaa hedduu keessatti kanfaltii maallaqa miliyoonotaan lakkaa’amaniin walqabatees rakkoon jira. Maallaqa kaffaltiin raawwatameef ragaa qabatamaa hinjiru. Waajjraalee danuun namoota dandeettii bajataafi qabeenya bulchuu qaban ramaduurrattis rakkoo guddaa qabu.

Odiitiin raawwii maallaqni bahe qabatamaan bu’aa akkamii akka argamsiise kan ittiin madaalamuudha kan jedhan Obbo Amanteen, pirojektonni sagantaaleefi hojiileen misoomaa haala si’aawaa, dinagdaawaafi bu’a qabeessa ta’een hojiirra ooluufi dhiisuunis kanumaan akka mirkanaa’u eeru.

Odiitii raawwii hojiilee ijaarsa bu’uura magaalotaarratti barana taasifameen ijaarsi daandii keessoo magaalaa dheerina, bal’ina, ququllinaafi yeroo qabameefitti xumuruurratti magaalotni hundi rakkoolee guddaa qabaachuu himanii, keessumaa kan magaalaa Amboo hamaa waan ta’eef xiyyeeffannaa barbaada jedhan.

Odiitii naannawaatiin pirojektonni sagantaaleefi hojiiwwan misoomaa qabatanii socho’an naannawarratti miidhaa qaqqabsiisuufi dhiisuunsaanii kan ittiin ta’atan ta’uus himanii, miidhaan gama kanaan dhufu fayyaa hawaasaarratti rakkoo fayyaa qaqqabsiisu jedhan. Kanaanis balfi industiriiwwan Magaalotaaa Duukamiifi Bauraayyuu keessaa bahan faalaa jiraachuu himanii, qaamni dhimmichi ilaallatu to’annoo barbaachisu taasisaa hinjiru jedhu.

Odiitii maltee ykn addaa ammoo dhimma malaamaltummaafi rakkoolee murtii haqaatiin walqabatan ibsuurratti kan xiyyeeffatu ta’uu kan eeran Obbo

Amanteen, sektarri bajataafi qabeenyaasaa sirnaan bulchuufi tajaajila barbaadameef oolchuufi dhiisuusaa kan mirkaneessu ta’uu dubbatu.

Kanaanis sektarootni bishaanii, daandii, fayyaafi qonnaa warra kaanirra malaamaltummaa kan saaxilaman ta’uu eeranii, ittifayyadama bajataafi qabeenyaarratti ammayyuu hanqinni guddaan jiraachuu ibsan.

Meeshaalee dhaabbataa lakkoofsa addaa kennaniifii galmeessuufi waggaa waggaan lakkaa’uurratti rakkoo guddaatu mul’achaa jira jedhanii, kunis odiitii gochuufillee gufuu ta’uu ibsaniiru.

Bajata waggaa keessaa yoo xiqqaate %60 bittaa meeshaaleetiif kan oolu ta’uu himanii, meeshaalee bitaman galmeessuu, suphuufi dhabamsiifamuu qaban adda baasuurratti garuu rakkoo guddaan jiraachuu dubbatu. Manni hojiisaanii rakkoolee jiran qaama dhimmi ilaaluuf gabaasus hordofamee sirreeffamaa hinjiru jedhu.

Sektaroonni maashinaroota guguddaa sochoosan kanneen akka daandii, bishaanii, fayyaafi qonnaa gama kanaan hanqina guddaa qabaachuusaanii odiitii meeshaa taasifameen bira gahamuus addeessanii, meeshaalee hedduun mankuusa keessa tuulamanii utuu jiranii haaraa bituun kan isaan mudate ta’uu eeraniiru.

Hoggansi sektaroota kunneenii meeshaalee jiraniifi hinjirre waliihinbeekan kan jedhan Obbo Amanteen, haala kanaanis qabeenya guddaan qisaasamaa jiraachuu dubbatu. Kananais sektaroonni daandii, bishaaniifi fayyaa adda durummaan eeramu jedhan. Doqdoqqeewwan kuma sadii ta’an sektarri fayyaatti hir’ina qabu jedhamanii tajaajila malee taa’aa jiran kanaaf ragaadha jechuun ibsaniiru. Meeshaaleen wal’aansaa eessaa ba’anii eessa akka deemanis seekara kanatti hinbeekaman jedhu.

Qaamni argannoon odiitii gabaafamuufis (Caffeen Oromiyaa) gabaasicha dhaggeeffatee callisuurra rakkooleen eeraman akka sirreeffamaniif to’achuu sirriitti to’atee tarkaanfii fudhachuu qaba jedhaniiru.

Gabaasa odiitii bara 2011 keessaa rakkooleen hanga ammaatti furaman %30 kan hincaalle ta’uu kan ibsan Obbo Amanteen, an. sektaroota baay’eetti waggaa waggaan rakkoo walfakkaatu argaa jiraachuu dubbatu. Kunis tarkaanfiin barbaachisu fudhatamaa kan hinjirre ta’uu agarsiisa jedhan.

Manni hojichaa barana wajjiraalee mootummaa 540 odiit gochuuf karoorfatee hanga kurmaana sadaffaatti kan waajjiraalee 335 odiit gochuusaas himanii, kanaanis waajjiraaleen rakkoo bu’uuraa hinqabne %5 kan hincaalle ta’uu ibsaniiru.

“Waajjiraalee mootummaa 335 odiit ...

Page 19: barbaadduu? Warshaan Daabboo Shaggar WaxabajjiirraaAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 22 Bara 2012

Fuulli kun walta’iinsa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataafi Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiin torban torbaniin kan dhihaatuudha

19

Wandimmaagany Ashabbiriin

Guutama-yaa’iifi kenniinsa murtee mana maree ummataatiin raawwatamu

Miseensonni mana maree walga’ii yaa’ii idilee isaaniirratti dhimmoota adda addaa irratti

marii taasisanii murtee garagaraa ni dabarsu. Dhimmoota dhihaatan ilaaluun murtee dabarsuuf Heera mootummaa Itoophiyaa keeyata 58(1) irratti, miseensonni mana maree walakkaansaanii walgahiirratti argamuu akka qaban kan tumame yoo ta’u, lakkoofsaan miseensi walakkaan argamnaan guutama yaa’ii guutee jira jechuun ibsameera.

Manni Maree Bakkaa Bu’oota Ummataa miseensota mana maree walgahii irratti argaman irratti hundaa’uun murtee ni dabarsa. Haata’u malee yeroo tokko tokko dhimmonni yaada murtee laachuu hin barbaachifne jiraachuu isaaniitiin murtee hin dabarsanu. Fakkeenyaaf karoora raawwii hojii raawwachiiftuun dhihaatu akkasumas gaaffii adda addaa mana mareen Ministera Muummeefi Ministerootaf dhihaatanirratii murteen hinkennamu.

Miseensoota mana maree walga’ii yaa’ii idileerratti argamuu qaban ilaalchisee haala Heera mootummaa Itoophiyaa keeyata 58(1) irratti labsamee jiruun, miseensota mana maree keessaa walkaansaanii walgahii idilee irratti yeroo argaman yaa’iin idilichaa guutama-yaa’iiti jechuun labseera. Kunis walgahii mana maree taasisuuf qophaa’adha jechuudha.

Walgahii miseensoota mana mareen taasifaman irratti murtee dabarsuuf lakkaawwiin sagalee kennamu guutummaan guutuutti argamuu isaaniirratti kan hunda’e miti. Guutamni yaa’ii idileefi haalli sagalee kennamuu kan waliti hin dhuufne yoo ta’eyyuu, murteen darbaa jiru bu’a qabeessa hinta’u. Hawaasa birattis kan fudhatama hin arganneedha.

Yeroo baay’ee keessumaa namoota hedduu biratti guutama-yaa’iifi kenninsa murtee mana maree ummataan kennamu gidduutti garaagarummaa jiru hubachuurratti rakkoo guddatu jira. Mana maree keessattis ta’e miidiyaalee biratti hiikaan kennamaafii jiruufi ergaa darbaa jiruu wajjiin walqabatee ilaalchi jiru baay’ee xiqqaadha. Adeemsa hojii keessatti hiika qaban hubachuufi beekuun nama biraaf dabarsuurrattis rakkoon mullachaa jira.

Guutama-yaa’ii mana maree

Guutama-yaa’ii mana maree ilaalchisee heera mootummaa feederaalaa Itoophiyaa keyeta 58(1) irratti, miseensota mana maree filatamanii jiran keessaa walkaansaanii walgahiif argamnaan guutama-yaa’ii jeedhama. Labsii kanaanis miseensa mana maree 547 keessaa miseensonni 274 argamnaan gutamiinsa yaa’ii idileef barbaachisaa waan ta’eef lakkoofsi miseensootaa kun, walgahii mana mareen taasifamuuf gahaadha. Ibsaafi yaada kana karaa lamaan yommuu ilaallu gartokkeen miseensaa 273 yeroo ta’an, gamabiraan ammoo miseensa 274 ta’u. kanaafuu

miseensonni mana maree 274n walgahii mana maree tokkorratti yeroo argaman miseensa walkaa mana marichaa ulaagaa gadi aanaa heera mootummaa keeyata 58(1) irratti labsame jiruu kan guutu waan ta’eef miseensota kanaan walgahiin mana maree jalqabamuufi taasifamu, rakkoo tokko malee kan gaggeefamuufi seera qabeessummaan kan fudhatamuudha. Haata’uutii garuu miseensota mana mree keessaa akka armaan olitti ibsameen miseensonni 273n yeroo argaman walgahiin taasifamuu hindanda’aumu. Sababiinsaa guutamiinsi-yaa’ii waan hintaaneefiidha.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walgahii idilee, walgahii addaafi walgahii ariifachiisaa afyaa’ii mana mareen ni waamama. Heera Mootummaa Federaalaa Itoophiyaa keyeta 58(1) irratti hundaa’uun gutama yaa’ii mirkaneessuun afyaa’ii mana mareen ajendaan dhihaatu yookaan ajendaan mariif qophaa’e ni dhihaata. Ajendaan mariif dhihaateefi marii itti taasifame irratti gaaffiin miseensa mana mareen dhihaateef deebiin kan itti kennamu miseensonni mana maree tokko sadeeffaadhaan yeroo deggeeraman qofaadha.

Miseensota mana maree 547 keessaa tokko sadeeffaan miseensaa 182dha. Miseensota 274n keessaa miseensa 182 walgahii yeroo taasiisanitti gaaffii adda addaa dhihaachuu ni danda’a. Miseensoota walgahiirratti argamanii galma’an hundisaanii jechuunis miseensonni 274n gaaffii dhiihaateef sagalee guutuudhaan yeroo deggeeran miseensoota mana maree walkaansaanii heerri mootummaa jedhuun kan dhugoomsamu ta’a. Walgahii addaa mana mareen taasifamu sirna adeemsa addaa kan qabate yoo ta’u, labsii heera mootummaan kenname kan hordofuudha. Kunis labsii heera mootummaa keyeta 58(1) ala kan ta’ee miti.

Walgahii miseensa mana mareen taa’amuun miseensonni walkaansaanii argamuu qabu kan jedhamu walgahii mana mareen taasifaman hundasaanii kan ilaalatuudha. Asirratti yaadni hubatamuu qabu, miseensi mana maree walakkaansaanii galmaa’usaaniiti. Gutamiinsi yaa’ii seerri mirkaneessu inni biraan heera mootummaa feederalaa Itoophiyaa keyata 59(1)dha. Gutama yaa’iifi kenninsa murtee wajjiin walqabatee seerri adda ta’e jiraachuusaa kan mullisuudha, malee guutamiinsaa yaa’ii kan ibsu miti. Haata’uutii garuu keeyetni heera mootummaa keeyata 58(1)fi keyeta 59(1) waa’ee gutama yaa’ii mana maree kan ibsaniidha.

Kenniinsa murtee mana maree

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Itoophiyaa hojiiwwan ijoo kennameef keessaa inni guddaan murteewwaan garagaraa miseensota jiran irratti hundaa’uun dabarsuudha. Haata’utii yeroo tokko tokko garee hojii raawwachiiftuun gabaasa raawwii hojii dhihaatan irratti marii taasifamuufi miseensota mana mareerraa gaaffii dhihaataniif deebii hojii raawwachiiftuun ibsi itti kennamu fakkeenya tokkoodha. Murteen kan itti kennamuus yoo ta’e, erga mariin ajendichaa xumuurameen booda ta’uusaa hubachuunis gaariidha.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa seera tumuu, seera fooyyessuu, hojjii hordoffiifi to’annoo taasisuu, hirmaannaa ummataa ciimsuufi hojii daawannaa dirree taasisuun aangoo mana mareef kennamaniidha. Seera baasuun aangoo mana maree waan ta’eef rakkoo jiru hubachuudhaan manni maree bara baajata 2012 labsiiwwan adda addaa mirkaneesseera. Adeemsa seera tumuu mana mareen raawwatamu keessatti murtee dabarsuu yookaan kenniinsa murtee taasisuun dirqama. Dhimmoonni murtee mana maree barbaadan hundisaanii kan mirkanaa’an yommuu mana mareen murteen itti kenname qofaadha. Kun yoo ta’uu baate garuu hojiirra olfamaa ta’ee itti gargaaramuun hindanda’amu.

Kenniinsa murteef yookaan manni maree murtee tokko dabarsuuf seera adda addaarratti kan hunda’eedha. Inni tokkoofaan heera mootummaa feederalaa Itoophiyaa keyeta 59(1) murtee kamiyyuu kan dabarfaman miseensota mana maree sagalee caalmaan yeroo degarsa argatan qofaa akka ta’eedha kan labsu. Ka’umsi sagalee caalmaa lakkoofsa miseensa mana maree osoo hintaane miseensa guutama-yaa’iin kan guutameedha.

Yeroo kana jennu miseensa mana maree keessaa walkaansaanii yeroo argaman guutamni yaa’ii kan guutamu waan ta’eef guutama yaa’iif miseensa argameen sagaleen caalmaan kan raawatamuudha. Fakkeenya kana dura dhihaateen walgahii tokkoorratti miseensonni 274n dhihaannaan yaa’iin walgahii gutameera kan jennu yoo ta’u, labsii kana gara sagalee caalmaatti dabarsuun kan danda’amuudha. Sagalee caalmaan murtee kennamu yeroo ta’u,

miseensoota dhaabbata tokko keessaatti argaman dhibbantaa 50 idaa’uu tokkoon gutama-yaa’ii fudhachuudhaan sagalee caalmaan murteen kan dabarfamu baay’ina lakkoofsa miseensaarratti kan hundaa’uudha.

Murtee faayidaa biyyaaf gargaaru yookaan labsii seera mirkanaa’u tokko irratti murtoo dabarsuuf miseensonni mana maree sagalee kennuu qabu. Kunis sagalee degarsaa, sagale mormii, sagalee malee jechuun iddoo sadiitti kan hirmaniidha. Sagaleen degarsaa kenname lakkoofsaan caalmaa kan qabu yoo ta’e ajeendaan dhihaate miseensa mana mareen sagalee caalmaan akka mirkanaa’e ni ibsama. Fakkeenyaaf miseensa 274n keessaa murtee tokkoo dabarsuuf miseensota 138n yoo degarame murteen kennamee jiru sagalee caalmaan degarsa argachuu kan ibsamu ta’a. Ajendaan yookan murteen dhihaate yoo degarsa argachuu baate sagalee caalmaan akka kuffifamu ni taasifama.

Dhimmi ajendaa ta’ee mana mareef dhihaatee jiru kun haala adda addaan kan ilaalamu yoo ta’e, miseensonni mana maree walgahii idilee irratti argamanii yeroo murtee dabarsan yookaan kenniinsa murteef yaada dhiheessanii yeroo mutaawu miseensi mana maree tokko yoo morme yookaan sagalee malee taa’e, dhimmi dhihaate sagalee caalmaan akka mirkanaa’e ibsama. Kanumaan walqabatee miseensa mana maree walakkaansaanii jechunis miseensa 274n keessaayis miseensi mana maree tokko haala walfakkaatuun sagalee yoo kenne murteen dabarfamu sagalee caalmaan akka mirkanaa’e kan ibsamu ta’ee murtee kenames seera qabeessummaadhaan kan mirkanaa’eedha.

Kenniinsa murteef faayidaa sagalee hunda faayyadamuun ammoo isa biraadha. Adeemsa kanaan murteen dabarfamu yookaan kennamuu qabu haala jiru kan itti ibsamudha. Sagalee guutuu jechuun miseensaa mana maree gutama yaa’iif galmaa’ani jiran hundisaan walgahii irrattii argaman hundinnuu sagalee kennuu qabu jechuu miti.

Dubbiin ijoon hubatamuu qabu dhimmi murteef dhihaate jiru sagale mormiifi sagale maleen osoo hinkennamiin yeroo mirkanna’ee sagale guutuun akka raawwatame kan ibsuudha.

Fakkeenyaaf, miseensaa mana maree 274n walgahii taa’amee jirurrattii sagaleen yommuu kennamu lakkoofsi miseensoota 200 ta’u mala. Miseensota kanneen keessaa sagalee mormiidhaan ykn sagalee maleen yoo galmaa’u baate sagalee guutuu kan murtaa’u ta’a.

Murteen kenname sagalee 138 gadi akka hintaane qofaa xiyyeeffannoo kennuun garuu barbaachisaadha. Akkasumas miseensoonni mana maree hundisaanii argaman murtee yoo dabarafamee sagalee guutuun akka ta’e hubachuu barbaachisaadha.

Ittifufa

Guutama-yaa’ii mana maree ilaalchisee

heera mootummaa feederaalaa Itoophiyaa keyeta 58(1) irratti, miseensota mana maree filatamanii jiran keessaa walkaansaanii walgahiif argamnaan guutama-yaa’ii jeedhama

Page 20: barbaadduu? Warshaan Daabboo Shaggar WaxabajjiirraaAfaan Oromoo, Amaariffa, Ingilif-faafi Arabiffaan keessummeessuuf fuulawwan qophaa’anirratti hir-maadhaa. Teessoowwan keenya; bariisaa@press.et

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 22 Bara 2012 20

Tashoomaa Qadiidaatiin

Dhaabbata Maxxansaa Birhaaninnaa Salaamitti maxxanfame

Finfinnee: Koviid-19 yeroo jalqabaatiif biyya keenyatti edda muldhate guyyoota 78 lakkoofsiseera. Guyyoota kanneen keessatti namoota kuma 96 oliif qorannoon godhameera. Isaan keessaa 968 vaayirasichaan qabamaniiru. Namoonni torba ammoo lubbuunsaanii darbeera.

Weerara kana ittisuuf mootummaan tarkaanfii fudhateen manneen barnootaa cufamaniiru. Manneen hojii mootummaas hojjettoonnisaanii dabareedhaan akka hojjetan taasifameera.

Komishiniin Ispoortii Federaalaas ta’u kan bulchiinsota magaalaafi naannolee sochiiwwan ispoortii dhaabuudhaan kilaboonni taphatootasaanii manatti dachaasaniiru. Atileetonnis dorgommiiwwan biyyoolessaa hafuusaatti dhuunfaadhaan malee gareedhaan shaakala dhaabaniiru.

Hojjetoonni komishinootaa, leenjistoonni, murtee kennitoonniifi oggantoonni federeeshinootaa sochii dhaabuudhaan alaala dhaabatanii waan dhufu dhaggeeffachaa jiru.

Haata’u malee Komishiniin Ispoortii Finfinnees weerara koviid-19 ittisuuf maatii ispoortiifi dhimmamtoota waltaasisuudhaan hojii cimaa hojjechaa jiraachuun beekameera.

Komishinarri ittaanaan komishin ispoortii magaalattii Obbo Daawit Tirfuu Kibxata darbe wayita gabaasa komishinichaa ji’aa saglaffaa bara 2012 dhiheessan akka ibsanitti, rakkinni kun osoo hinmuldhatin dura karoorri bahus hanga danda’ametti hojjetamuu addeessaniiru.

Komishinii ispoortii Finfinneefi xiyyeeffannaasaa

Sagantaa baheen hojiin ispoortii gareedhaan gaggeeffamuu baatus hawaasni bakkuma jirutti, keessumaa warreen manneen wajjin jireenyaatiif sagantaan bahee sochiin qaamaa taasifamaa jiraachuu muldhisaniiru.

Finfinnee: Addunyaarratti akaakuuwwan ispoortii adda addaa kan gaggeeffaman ta’uun ni beekama. Isaan martinuu akkuma amalasaaniitti dirreewwan addaddaafi galmoota filatamanitti kan adeemsifaman yoo ta’u, kanneen keessaa ammoo ispoortiin kubbaa miilaa tokko.

Ispoortiin kun Awurooppaa, Ingilizitti dhalatus dagaagee kan guddate garuu Ameerikaa Kibbaatti jedhama. Sababiinsaas biyyoonni Ameerikaa Kibbaa keessumattuu Biraaziil waancaa kubbaa miilaa addunyaa yeroo shan fudhachuudhaan addunyaarraa biyya duraa ta’uusheeti.

Akkasumas Uraaguwaayiifi Arjantiinaan waancaa kana yeroo lama lama fudhachuudhaan walumaagalatti waancaan kubbaa miilaa addunya al sagaliif ardii Ameerikaa Kibbaa galuusaati. Ispoortii kana abbummaadhaan kan gaggeessu Waldaan Kubbaa Miilaa Addunyaa (‘FIFA’)n kan hundeeffame ALA bara 1904 yoo ta’u, waajjirrisaa magaalaa guddoo Siwizarlaandi, Zurikitti argama.

Waldaan kun yeroo jalqabaatiif walmorkii kubbaa miilaa kan gaggeesse biyyoota Awurooppaaa Beeljiyem, Deenmaarki, Faransaay, Jarman, Neezarlaandi, Ispeen, Siwidiniifi Siwizarlaandi jidduutti ture. Haata’u malee ispoortichi yeroo gabaabaa keessatti biyyoota addunyaa maraa waliin gahuudhaan dargaggoota ardiiwwan maraa biratti jaalatamaa dhufeera.

Edda Waldaan Kubbaa Miilaan Addunyaa hundeeffamee waggaa 116 kan lakkoofsise yoo

Ispoortii kubbaa miilaa Kororaan rukute

Abbootii qabeenyaa waltaasisuudhaan koronaa ittisuuf jecha kutaalee hawaasa daandiirra jiraataniif gargaarsi meeshaalee qulqullinaa, alkooliifi saanitaayizarii, saamunaan, zayitiifi paastaa hiruusaa muldhisaniiru.

Akkasumas kutaalee magaalaa Aqaaqii, Boolee, Qirqoos, Yakkaa, Gullalleefi Addis Katamaatti iddoowwan oolmaa ispoortii ijaarsisaanii jalqabame hatattamaan akka xumuramaniif qajeelfamni kennamuu ibsaniiru.

ta’u, ammaan tana biyyoonni 211 miseensasaa ta’uudhaan walmorkiisaanii gaggeessaa jiru.

Kubbaan miilaa dargaggoota addunyaa biratti jaalatamaa dhufuudhaan ALA bara 1930 walmorkiin waancaa kubbaa miilaa biyyoota addunyaa akka gaggeeffamuuf kan murteesse yoo ta’u, kanaanis yeroo jalqabaatiif biyyoota 13 jidduutti gaggeeffamuunsaa kan yaadatamuudha. Waldichi cimaa dhufuudha walmorkiin waancaa kubbaa miilaa waggaa afuritti altokko akka gaggeeffamu murteesse.

Adeemsa keessa addunyaarratti jaalatamaa kan dhufe ispoortiin kun miira ummata addunyaa harkisuudhaan ammaan tana kalattiinis ta’u al kalattiidhaan hordoftoota biiliyoona 6.5 olitti shallagaman horachuu danda’uunsaati, kan dubbatamu.

Seera waldaa kubbaa miilaa addunyaatiin kan gaggeeffamu ispoortiin kun, kanaan dura sababii waraana addunyaa tokkoffaatiin bara 1916fi waraana addunyaa lammaffaatiin bara 1940fi 1944 akka qaxxaamuru ta’eera.

Addunyaa maraarratti jaalatamaa kan jiru ispoortiin kun waggootta 76 booddee ammaan tana sababii vaayirasii koronaatiin biyyoonni miseensota waldichaa sochii dhaabuudhaan garee kubbaa miilaa biyyaalessaa isaanii bittinsaniiru.

Waldichis vaayirasii hamaa saayintistootaafi Dhaabbata Fayyaa Adduynyaatiin fala dhabe kun hanga to’atamutti biyyoonni miseensonni isaa sochii wayituu akka hingoone qajeelcha

dabarseen addunyaan ispoortii kubbaa miilaa dhaabateera.

Biyyoonni hedduunis galiiwwan ispoonsaraa kan kubbaaniyoota beekamoo addunyaa kanneen akka Totaal, Adiidaas, Pumaa, Naayiki, Emburoofi kkf irraa argatan dhabuudhaan kisaaraa keessa galaniiru. Kanarraa kan ka’e biyyoonni hedduun walmorkiiwwan barana jalqaban addaan kutaniiru.

Kilaboonni beekamoon kanaan dura galii istaadiyoomarraa dolaara miiliyoona hedduu hammaarratan ammaan tana sababii weerara vaayirisichaatiin deeganii taphattootasaanii bittinsaniiru. Kanumarraa kan ka’e ashuraan isarraa argamu dhaabachuusaatti galiin biyyootaas waan haphateef lammiileen hedduun rakkina keessa galaniiru. Rakinni kun kan addunyaa maraa ta’uusaatti biyyi teenyas sochii kanarraa dhaabateera.

Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa waggaa waggaadhaan shaampiyoonaawwan kubbaa miilaa kilaboota liigii piriimeerii, liigii biyyaalessaa, kan naannolee, kan dubartootaafi dargaggootaa gaggeessaa turus kan baranaa sababuma kovid 19n addaan citeera.

Haata’u malee taphatoonni kilaboota kanneenii jireenyisaanii galii kilabootarraa argamu dhaabachuusaatti ofiifis ta’u maatiinsaanii rakkina guddaa keessa galaniiru. Sababii galii dhaburraa kan ka’e kilaboonni tokko tokko diigamuuf qarqararra gahaniiru.

Barana osoo akka durii ta’e yeroo ammaa

kana shaampiyoonaawwan adda addaa, konfiransiiwwan ispoortii, leenjiiwwan biyyaa keessaafi alaa ni gaggeeffamu ture. Haata’u malee osoo hinbeekamiin dhibeen koronaa akka abidda saafaa tasa ka’uusaatti sochiin karoorfame fashalaa’eera. Biyya keenyaatti shaampiyoonaa kubbaa miilaarratti hirmaachaa kan jiran Bulchinsi Magaalaa Finfinneefi Dirree Dhawaa dabalatee kilaboota naannolee afurii ta’uunsaanii kan yaadatamuudha.

Naannolee kanneen keessaa Oromiyaan liigii piriimeerii, liigii biyyaaleessaafi shaampiyoonaa naannoleerratti kilaboota hedduu hirmaachisaa turaniiru. Ammaan tana sababuma rakkoo kanaan sochiin dhaabachuusaatti kaffaltiin mindaasaanii dhaabateera.

Komishinarri ittaanaan Komishinii Ispoortii Oromiyaa Obbo Fissahaa Gabramikaa’el Gaazexaa Bariisaatiif akka ibsanitti, koviid-19n walqabatee galiin kilabootaa kallattii maraanuu waan dhaabateef rakkina guddaa keessa galaa jiru. Kilaboonni naannoo Oromiyaas ta’u akka biyyaalessaatti hundaa’uun hirmaachaa jiran martuu socho’aa kan jiran bajeta mootummaatiin turee jedhan.

Bajatni bara 2012 ramadame kilaboonni akka itti fayadamaniif kan yaadame yoo ta’u, kanumaafis komishiniinsaanii mindaan taphattootaa akka kafalamu dhiibbaa gochaa jiraachuu himaniiru.

Dhimmuma kanarratti kilaboota naannichaa kan magaalaa Sabbataafi Jimmaa Abbaa Jifaar bilbilaan gaafachuuf yaaliin goone nuuf hinmilkoofne.