kutaa 7 - gtn-learning.org facilitators guide... · daa’imman kichuu xixiqqaan guyyaatti yoo...

4

Upload: others

Post on 31-Oct-2019

16 views

Category:

Documents


0 download

TRANSCRIPT

Qabxiilee kanneen cimsii hubachiisi: Daa’imman Kichuu Xixiqqaan wayita ja’a 6 guutan, markaa lallaafaa, furdaa fi nyaatawwan lallaafa daakaman

nyaachuudhaaf qophii ta’u Daa’imman Kichuu Xixiqqaan yeroo fedhan harma hodhaallee itti fufuun hodhuu qabu- aannan harmaa

yeroo kanattis isaaniif baay’ee barbaachisaadha.

Gulantaa 4: Sirna nyaataa waa’ee Marqaa Furdaa, Nyaatawwan Daakamaa fi Nyaatawwan ABBAA URJII Mari’achuu

1. “Haadholii hedduun Daa’imni isaanii Kichuu Xiqqaan marqaa furdaa liqimsuuf hingeenye; in hudha jed hanii sodatu. Daa’imman keenya hudhamuu danda’u jedhanii sodaachuurraa kan ka’enis, haadholeen wantoota itti aanan kana raawwatu:

Daa’imni hanga ji’a 7, 8, 9 yookan sanaa ol guututti nyaata osoo hinkenniniif turu.

Bulluqa/ mooqa qallaa kennuufiidhaan jalqabsiisu.

2. “Daa’imman ji’a jahaatti nyaatawwan lallaafaa, furdaa nyaachuudhaaf qophaa’oodha. Qaamnifi surriin isaanii aannan harmaatiin ala nyaatawwan kana argachuu barbaada. Maalif yoo jenne, guddachuudhaaf anniisaa/humna dabalataa fi nyaata gabbisaa gara garaa isaan barbaachisa.”

3. “Marqaa lallaafiifi furdaan akkasumas nyaatawwan lallaafoon daakaman fi nyaatawwan ABBAA URJII baay’inaan, nyaatawwan barbaachisaa daa’imman kichuu xixiqqaan keenya ji’a jaharratti nyaachuu jalqabuu qabaniidha.”

4. Gaaffilee kanneen gareelee gaafadhu:

Bulluqa/mooqa qallaa akka bishaaniiti irra, marqaa furdaafi lallaafaan daa’imaaf maaliif bayeessa?

Isin keessaa namni daa’ima kichuu xiqqaa keessaniif marqaa furdaa, lallaafaa kennuu yaale jiraa?

Muuxannoon dhuunfaadhaan qabdan maali? Namoonni 3-5 ta’an muuxannoo isaanii akka qoodan taasisi.

5. Qabxiilee kanneen cimsii hubachiisi:

Marqaan yoo akka bishaanii qallate, daa’ima kichuu xiqqichaaf, humnaafi nyaata gabbisaa barbaachisu kennuufi hindanda’u. Garaa daa’imaa nyaata gabbisaa faayidaa qabuun osoo hintaane, bishaaniin qofa guuta.

Marqaa furdaan nyaatawwan ABBAA URJIIN gabbate nyaata gabbisaa irra caalaa faayidaa qabuudha.

Marqaa lallaafaafi furdaan daa’imman kichuu xixiqqaa nyaata liqimsuufi nyaachuu barsiisu.

Nyaatawwan ABBAA URJII daakamaniifi lallaafoon daa’imman akka salphaatti nyaata alaanfachuufi liqimsuu akka danda’an gargaaru.

Daa’imman kichuu xixiqqaan yeroo jalqabaaf wayita marqaa furdaan kennamuuf, akka nyaachuu hin barbaannetti fuula isaanii naannessu.

Obsa qabaadhaati dafanii yaachuu akka baraniifi boodas marqicha akka jaallatan ni argituu.

Marqichi akka lallaafuufi daa’imni akka salphaatti akka liqimsuu danda’u ziyitaafi dhadhaa itti gochuu hindagatinaa.

KUTAA 7KICHUU XIQQAA (Ji’a 6-7)

Mata-dureewwan Guguddoo Kutaa kanaa Meeshaalee Barbaachisan

Daa’imman kichuu xiqqoo marqaa lallaafaa fi furdaa jalqabsiisuu

Waa’ee karoorfannaa bajata maatii fi bittaa nyaatawwan ABBAA URJII miseensota maatii waliin mari’achuu

Kaardota Maallaqa Tapha Argannaa fi Bitannaa fi meeshaa irratti taphatamu (garee 3 f kan ta’u) Poostara nyaata madaalamaa “Kichuu Xiqqaa’’ agarsiisu

Yaadannoo Maatii

Gulantaa 1: Baga nagaan dhuftanAkkas jedhaa: MHG kutaa 7ffaa Guyyoota 1000 Jalqabaa kanaaf baga nagaan dhuftan

Gulantaa 2: Keessa deebii sagantaa marii yeroo darbee1. “MHG keenya isa darberratti, maatiiwwan daa’imman kichuuf qophaa’uuf maal raawwachuu akka danda’an

akkasuma daa’imman KICHUU fi ABAABOON wayita guddachaa deeman, bishaan qulqulleessuudhaan, qulqullina naannoofi dhuunfaa eeguudhaan akkamitti fayyaa isaanii eeguu akka itti fufan barannee turre.

2. Marii keenya darberratti yeroolee murteessoo ta’an irratti harka keenya dhiqachuu akka qabnu barannee ture. Mee yoom yoom akka ta’e eenyutu natti himaa?

3. Hirmaattotni deebisuu yoo dadhaban kanneen armaan gadii sirriitti ibsaafii: Nyaata qopheessuun dura, nyaata qooduu yookan nyaachuu dura Bobbaa Daa’imman KICHUU erga gannee booda

Erga beeyiladoota yookan lukkuuwwan tuqnee yookan hojiilee qonnaa hojjennee booda.

Gulantaa 3: Mata-duree har’aa beeksisuu: KICHUUF Xiqqaa Gaaffii: Filiipchaartii irraa maaltu isinitti mul’ata

Deebii: Nyaatawwan abba Urjii, Zayita, Dhadhaa, Soogidda, saahinaa xiqqaa fi guddaa

Akkana jedhiin: “Daa’imman keessan wayita ji’a jaha guutan, gara daa’imman KICHUU Xiqqaatti cehu. Garaachi isaanii nicima; qaamni isaanii ni guddata. Yeroo kanatti kan durii caalaa waa baruuf fedhii hiratu akkasumas qareessa ta’u.”

1. “Mata-dureen har’aas waa’ee sadarkaa KICHUU Xiqqaati. Kunis yeroo nyaata dabalataa daa’ima keenya itti jalqabsiisnuu dha.”

2. Ji’a jahan boodas taanan aannan harmaa baay’ee barbaachisaadha. Haata’u malee, daa’imman KICHUU Xixiqqaan, qaamni isaaniifi surriin (sammuun) isaanii haalan guddachuu akka itti fufu, nyaata biroo nyaachuu jalqabuu qabu.

3. Sunsuma Daa’imaa isa waa’ee Nyaata madaalamaa mul’isu gareetti agarsiisiti; nyaatawwan abbaa urjii 3, abbaa urjii 2 fi abbaa urjii tokkoo maal akka ta’e ibsaafii

4. Saahinaawwan guguguddoon Ciree, Laaqanaa fi Hirbaata akka bakka bu’an akkasumas saahinaawwan xixiqqoon immoo tursiistuu ganamaa fi galgalaa akka bakka bu’an hirmaattotaaf ibsi.

Qabxiilee kanneen cimsii: Nyaatawwan urjii hin qabne nyaatawwan idileen yeroo hunda nyaannu bakka bu’a. Isaanis nyaatawwan

akka buddeenaa, shiroo, qamadii garbuu, qooccoo, baaqelaa, shumburaa, kikkii, missira, boqqoolloo, barbaree/mimmixa fi mishingaadha.”

Nyaatawwan ABBAA URJII-3 Nyaatawwan beeyiladarraa kan argaman yammuu ta’an isaanis: hanqaaquu/buuphaa, aannan, ayibii (baaduu) manaa, Itittuu, foon, Foon lukkuuwwan fi qurxummiidha.

Nyaatawwan ABBAA URJII-2 kuduraalee baalaa magariisa ta’an kanneen akka raafuu, qoosxaa, dabaaqula(buqqee), kaarotii, timaatima, dinicha dammee(maxaaxisa)fi fosoliyaa fa’i. Kanamalees, nyaatawwan ABBAA URJII-2 fuduraalees kan dabalatu yammuu ta’u isaanis: muuzii, avokaadoo, burtukaana, paappayyee, maangoo, poomii(appilii) fa’i.

Nyaatawwan ABBAA URJII-1 kanneen akka zayita, dhadhaa, saliixii, nuugii, suufii dha. Yeroo nyaata daa’immanii bilcheesinu isaan kana itti naqna kunis aannisa dabalataa akka argatan isaan taasisa.

Gaaffii: Filiipchaartii irraa maaltu isinitti mul’ata

Deebii: Nyaatawwan abbaa urjii 1, nyaatawwan abba urjii 2, nyaatawwan abba urjii 3, huccuu, kophee,

Gulantaa 5: Qajeelfa Poostara kichuu xiqqaa ilaaluun qabxiilee armaan gadii haala hirmaachisaa ta’een ibsa kennaafii

Aannan harmaa daa’imman kichuu xixiqqaaf ammas hunda dura barbaachisaadha. Kanaafu harma hodhuu itti fufuu qabu.

Daa’imman kichuu xixiqqaan aannan harmaatti dabalee, guyyaatti nyaata 2-3 fi tursiistuu isaan barbaachisa. Nyaata madaalamaa nyaachisuu yammuu jalqabdan, qajeelfamoota Poostara kichuu xixiqqaa keessa jiran hordofaa.

Suuta jalqabuu qabdu. Torbee jalqabaarratti, daa’imman kichuu xixiqqaan, marqaa lallaafaa, furdaa fal’aana 1-2 guyyaatti yeroo sadi nyaachuu danda’u. Daa’imman kichuu xixiqqaan nyaataafi akaakuu isaa dhamdhamuu suuta baraa deemu waan ta’eef, obsa qabaadhaa.

Torbee lamaffaatti, daa’imman kichuu xixiqqaan marqaa lallaafaa, furdaa kubbaayyaa walakkaa nyaatawwan ABBAA URJII waliin guyyaatti yeroo sadi nyaachuu danda’u.

Torbee sadaffaatti, daa’imman kichuu xixiqqaan marqaa lallaafaa, furdaa, kubbaayyaa guutuu jala gahe (3/4) guyyaatti yeroo sadi nyaachuu danda’u.

Torbee afraffaatti, daa’imman kichuu xixiqqaan marqaa lallaafaafi furdaa kubbaayyaa bunaa guutuu 1 nyaatawwan ABBAA URJII waliin guyyaatti yeroo sadi nyaachuu danda’u.

Nyaanni hundi nyaata ABBAA URJII qabaachu qaba. Daa’imni xiqqaan keessan hanguma guddachaa fi cimaa deemu, baay’ina nyaata isaallee/isheellee dabalaa adeemaa.

Nyaata daa’imma kichuu keessanii gabbisuufi madaalamaa taasisuuf, nyaatawwan ABBAA URJII itti makaa: Guyyaatti yoo xiqqaate nyaata ABBAA URJII-3 tokko. Kanamalees, nyaatawwan abbaa urjii-2 fi abbaa urjii-1s nyaata isaanii hundatti dabalaa.

Gulantaa 6: Qajeelfama akkaata nyaata Madaalamaa qopheessuu irratti mari’achuu

1. Qajeelfama waraqaa dadachaatuu waa’ee nyaata madaalamaa qopheessuu yaadannoo maatii irraa iddootti argamu hirmaattotatti agarsiisaa.

2. Sadarkaalee hunda sagalee ol qabii DUBBISI.3. Sadarkaalee ati dubbiste kana miseensonni garee akka mari’atan JAJJABEESSI.4. Qabxiilee kanneen CIMSII HUBACHIISI:

Daa’imman kichuu xixiqqaan yeroo fedhan harma hoosisuu hoosisaa; guyyaatti yeroo sadi nyaachisaa. Marqaan quba keessan lamaan kaasuu akka dandeessanitti furdaafi lallaafaa ta’uu qaba. Daa’imman kichuu xixiqqaan hinhudhamuu, hinyaada’inaa. Obsa godhaati, nyaata xiqqaa xiqqaa kennuufidhaan

jalqabsiisaa: Daa’imni keessan baay’ee akka jaallatu ni argitu. Nyaatawwan ABBAA URJII daa’imman kichuu xixiqqaa jalqabsiisuun barbaachisaa akka ta’e hindagatinaa:

Hanqaaquu, muduraalee yookan foon daaktanii lallaaffisuudhaan markaa daa’ima keessaniitti makuu dandeessu.

Daa’imman kichuu xixiqqaa keessaniif nyaata qopheessuun dura harka keessan saanunaafi bishaaniin dhiqachuu hindagatinaa.

Gulantaa 7: Tapha Argannaa fi Bitannaa Qajeelchi: “Tapha Argannaa fi Bitannaa” (Fayyadama maallaqaa fi karoora bajataa). Yaadannoo: Tapha kana taphachuuf hirmaattota gareelee xixxiqqaa 3 itti qoodamu. Gareen tokkoon tokkoon wantoota

taphicha taphachuuf oolan argachuu qaba (afata 1 fi kaardota maallaqaa 56 boorsaa xiqqaadhaan jiru).1. Tapha Argannaa fi Bitannaa kana taphachuudhaaf, qajeelchitoonni afata lafa afuu qabu. Miseesnonni gareelee afata

marsanii lafa yookan teessoorra taa’uu qabu.2. Meeshaalee manaa, nyaatawwan ABBAA URJII, meeshaaleen/oomishaaleen qonnaa afata karaa alaatiin tarreeffaman

wantoota maatiiwwan BITANI dha. 3. Afata karaa keessaatin immoo iddoo gabaa bakka maatiiwwan omishaalee qonnaa itti GURGURATANI dha.4. Kaardonni maallaqas lafa gabaa kana keessa kaa’amaniiru.

5. Taphicha taphachuudhaaf, taphataan hundi omishaalee maallaqa baasan gabaatti GURGUREE maallaqa itti gurgure argachuu qaba. Taphattoonni maallaqa ARGATANIIN, wantoota afata geemichaa karaa alaatin tarreeffaman keessa kan barbaaddan BITACHUU danda’u.

6. Taphataan jalqabaa dabaree isaa taphatee erga xumureen booda, kaardota maallaqaa hunda taphataa itti aanuuf afata geemichaarra kaa’u.

7. Taphataan hundi maallaqa isaanii waan barbaadan bitachuuf fayyadamuu danda’u. Namoonni biroo immoo wayita kana taa’anii filannoowwan isaanii daawwatu.

8. Taphataan hundi dabareedhaan ‘Argannaafi Bitannaa’ erga taphataniin booda, gareelee xixiqqaan immoo taphattoonni waan dura aansaniifi bitatan mari’atu.

9. Gaafadhu: Miseensonni gareelee nyaatawwan akkamii Mootiiwwan Kanniisaa, Kichuuwwaniifi Abaaboowwan isaaniif bituu akka barbaadan akka mari’atan gaafadhu. Gareeleerra naanna’iiti tapahattoonni maallaqa argataniin omisha manaa kam akka bitan ilaali.

10. Nyaatawwaniifi meeshaalaa manaa maatiwwan dura aansuun barbaachisaa ta’erratti mari’achaa garee waliin bashannanaa. Gareeleen hundi sirna nyaataa Mootiiwwan Kanniisaa, daa’imman Kichuuwwaniifi Abaaboowwan isaanii fooyyeessuuf, maallaqa argatan akkamitti baasuun akka irra ture itti agarsiisi.

11. Miseensonni gareelee waan bitachuu danda’anifi waan gabaatti gurguratan akkamitti akka karoorfatan yaaduu akka qaban jajjabeessi. Kana yoo ta’e yeroo itti aanu maallaqa argachuufi nyaatawwan ABBAA URJII bitachuu akkasumas filannoowwan gaggaarii ta’an filachuu danda’u.

Gulantaa 8: Waa’ee Tapha Argannaa fi Bitannaa irratti Marii Garee gaggeessaa. Gaaffilee kanneen armaan gadii haala hirmaachisaa ta’een GAAFADHU:

“Tapha i kanaarraa maal barattan?” “Karaa maallaqni argamuufi waa’ee bittaa nyaatawwan ABBAA URJII abbaa warraa/haadha warraa fi

miseensota maatii biroo waliin haasa’uu dandeenya jettanii yaadduu?” “Yeroon baay’ee mijataa abbootii warraa/haadholeen warraa yookan miseensonni maatii biro dhimmoota

kana mari’achuu danda’an jiraa?” “Abbaan warraafi haati warraa akkasumas maatiiwwan waa’ee bajata maatii mari’achuufi nyaata ABBAA

UJII kam akka bitan murteessuuf rakkooleen isaan quunnaman maali?Akkas jedhaa: Miseensonni maatii galii maatiirratti mari’achuu fi muraasa nyaata ABBAA URJII bituuf oolchuurratti

waliigaluun barbaachisaa dha.

Gulantaa 9: Meeshaalee fi Hojiilee manatti fudhatanii galanAkkas jedhaa: “Har’a waa’ee daa’imman kichuu xixiqqaa ji’a jaha booda nyaata jalqabsiisuu irratti mari’anneerra.”1. Poostara daa’imman kichuu xixiqqaa nyaatadabalataa nyaachisuu hunda isaaniif kenni.2. Poostarichi wantoota kana akka nu yaadachiisu ibsiif:

Marqaa lallaafaa, furdaa Daa’imman kichuu xixiqqaan keenyaa nyaachuuf ta’u akkamitti akka qopheessinu. Daa’imman kichuu xixiqqaan guyyaatti yoo xiqqaate nyaata abbaa urjii-3 tokko, nyaata abbaa urjii-2 tokko fi nyaata

abbaa urjii-1 tokko marqaatti makamee nyaachuu qabu. Daa’imman kichuu xixiqqaan guyyaatti yoo xiqqaate harma haadhaa dabalataannyaata yeroo sadii argachuu qabu. Akkuma ibidda irraa bu’en soogidda Aayoodinii qabu nyaata kichuuwwaniitti ida’uun barbaachisaa dha.

3. Qajeelfama qophii nyaata madaalamaa fi akkaataa qulqullinaan aannan loonii elmuu ibsu yaadannoo maatii irraa yaadachiisaa. Gaafadhu: wantoota itti aanan kanneen galanii maatii isaanii waliin mari’achuuf fedhii qaban akka harka kaasan taaisuun

namoota harka kaasan yaadannoo keessanirratti barreessaa. Qajeelfama Poostara nyaata dabalataa KICHUU xiqqaa, qajeelfam akkaataa nyaanni kichuu xiqqaa itti qophaa’uu

fi qajeelfama akkaataa haala qulqullina qabuun aannan loonii elmuu agarsiisu miseensa maatii isaanii waliin mari’achuuf namoota fedhii qaban.

Gulantaa 10: CufiinsaWalgahiin itti aanu yoom akka ta’e yaadachiisi.

Hirmaannaa ho’aa taasisaniif nama hunda galateeffadhu.